You are on page 1of 2

M/b Mandoo Sikkootti Qormaata Moodelii Kutaa 12ffaa G/b Afaan Oromoo Bara 2014/22 yeroon kenname daq.

yeroon kenname daq. 40 qofa

Maqaa guutuu__________________________kutaa________ lakk._________

I. Gaaffilee 1-35tti Jiraniif Deebii Sirrii Ta’e Filachuun Deebisi.(2%)


1. Waa’ee mammaaksaa ilaalchisee kan sirrii hin taane kami?
A. Mammaaksi soogidda dubbiiti.
B. Mammaaksi dubbii fida ; dubbiis fixa.
C. Mammaaksi eenyuun akka uumameefi yoom akka uumame hin beekamu
D. Deebiin hin kennamne.
2. Mammaaksi boolla hattuu hattuutu beeka jedhu maal agarsiisa?
A. Abshaalummaa B. Waliinummaa C. Gowwummaa D. bara/yeroo
3. Mammaaksi baraafi murxuxxee gadi jedhaniiti dabarsu jedhu maal agarsiisa?
A. Gaabbii B. Roorroo C. bara/yeroo D. abshaalummaa
4. Hin qabnus _______________ jette moluun. Mammaaksa hirate kana kan guutu kami?
A. Hin haaddannus B. Hin qaqqabannus C. Hin filannus D. Hin dibannus
5. Mammaaksota armaan gadii keessaa diinummaa kan mulisu kami?
A. Adaamii ollaa gamsaa ganamnis galgallis booya.
B. “Maali fardi ni maraatee” jedhe waraabessi ariiyee dadhabnaan
C. Alagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa
D. Deebii hin qabu E. Hunduu deebiidha.
6. Mammaaksa “Yaa anaa durii jette cirriin fardarraa kuftee” jedhuuf mammaaksi deebii ta’uu danda’u kanneen armaan gadii keessaa isa kami?
A. Iyyitus bo’oo lama qotta jedhe namichi saree camadee.
B. Akka miilanaa ta’ee hin beeku jette hantutttni qootiirraa kuftee.
C. Waan sangaan arge argi jedhe namichi ameessa garafee.
D. Dhabaaf malee fooniif nu uume jette sareen.
7. Mammaaksa “Aannaan karaa keessa kaa’anii maqaa koo ballessu jette adurreen” jedhuuf deebii kan ta’u kami?
A. Kan ganni ajjeeseef bonni maqaa fuudha
B. Sangaa abbaan gaafa cabse ormi maqaa fuudha
C. Silaa maqaankoo hin tolu karaarratti si hidhanii jedhe waraabessi harree karaarratti argee.
D. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya.
8. Salphoo soqolatte_____________________. bakka mammaaksa hir’ate kanaa kan guutu kami?
A. Daara bituuf B. ija qabatanii bira darbu C. Alangeen garafu D. Soqolaa gargaaru
9. Kanneen armaan gadii keessaa mammaaksi aantummaa hin agarsiifne kami? A. Biyya abbaakoo jettee injiraan moluu gubbaatti hafte.
B. Funyaan rukkutamnaan iji boossi. C. Aanaan reeffatti aana. D. Dhoqqeen lafaaf jibban funyaan namaa xuqti.
10. Mammaaksi “ Leenca lagaa baroodu lafti asii roqoma” jedhu maal agarsiisa?
A. Gootummaa B. sodaa C. abshaalummaa D. har’ummaa
11. Ciigoo:- Asis jennee godaas hin argannee Ishee qarree gamaa gaafadhaa jedhamnee jedhuuf jechi dachaa isa kami?
A. Ishee qarree gamaa B. godaa C. Qarree gamaa D. gaafadhaa jedhamnee
12. Soorgoon Ciigoo gaaffii 11ffaa irra jiruu maal ta’a? A. Durba B. Ishee gama jirtu C. dirree loonii D. gaafa loonii
13. Sookoon ciigoo gaaffii 11ffaarra jiruu isa kam ta’a?
A. Ishee durbummaa qabdu (durba) B. isin gaafadha jedhamne C. Ishee gama sana jiraattu D. loon
14. Ciigoo :- Lafti keenya kuni irri caalaan tabba Hojii qonnaa keessaa an meesuman jibba jedhuuf jechi dachaa kami?
A. Hojii qonnaa B. an meesuman C. Meesii D. jibba
15. Soorgoon ciigoo lakkoofsa 14ffaarratti kennamee maali? A. Ani meesii meesuu hin jaalladhu B. ani qotisa hin jaalladhu
C. Ani sumaan hin jaalladhu D. deebiin hin kennamne.
16. Sookoon ciigoo lakkoofsa 14ffaa irratti kennamee maal? A. Ani meesii meesuu hin jaalladhu B. ani qotisa hin jaalladhu C.
C. Ani mee sumaayyuu jibba D. deebiin hin kennamne.
17. Ciigoo:- Barumsa biyya alaa baayyeesaa barannee Keessaa isa kanaadaa tasa hinirraanfanne jedhuuf jechi dachaa isa kami?
A. Baayyeesaa B. Kanaadaa C. biyya alaa D. irraanfanne
18. Sookoon ciigoo armaan olii kanaa maal ta’a? A. Biyya kanaadaa B. Kan aadaa C. Biyya biroo D. Yaadachaa jirra
19. Malleen dubbii ilaalchisee soba kan ta’e isa kami?
A. Dubbii fi barreeffama keessatti midhaagee fi salphatee dhiyaata.
B. Fakkii sammuutti waan uumuuf akka salphaatti hin irraanfatamu.
C. Dubbii baratamerraa jal’atee, walaloo fi hololoonis ni dhiyaata.
D. Humnaa fi bareedina dhaamsaa ni hanqisa.
20. Uumamni biroo amaloota ilma namaa yoo fudhate dubbii haalawaa kamiif fakkeenya ta’a?
A. mitihee B. nameessaa C. bakkasaa D. akkasaa
21. Qolli dubbii dhaamsa irra keessaan soba fakkaatee waan dhugaa ta’e dabarsu:
A. bakka buusa B. ukukkubee C. mitihee D. akkasaa
22. Haasaan isaa akka nadhii dammaatti mi’aawa. A. akkasaa B. bakkasaa C. arbeessaa D. nameessaa
23. Isheen naaf damma daamuu dha. A. akkasaa B. iddeessa C. anyarsuu D. ukukkubuu
24. Ni nyaata; hin quufu. A. anyarsuu B. mitihee C. bakkasaa D. akkasaa
25. Mucichi beekumsa guddaa waan qabuuf nama hin ga’u. Kan jala sararame hiiknisaa maali?
A. namatti hin madaqu B. namaan hin haasa’u C. nama hin hamatu D. nama hin tuqu
26. Kanneen gadii keessaa hiika “rifaasisuu” jedhu kan qabu kam ta’a? A. guduruu haaddate B. bofarra ejjete C. dugda kute
D. lafarraa dhabame
27. Deebiin hibboo “Nyaataaf malee sanyiif hin kaa’an” jedhu kam ta’a? A. killee B. timaatima C. sooqidda D. dinnicha

28. Sangaa jedhee mirgoo yoo jedhe, suubboo jedhee_____jedha. A. qeerroo B. farda C. gaangee D. haarree
29. Caacculee asoosamaa keessaa kan bakkaa fi yeroo seenaan asoosamichaa itti raawwate agarsiisu:
A. Dhaamsa B. yoomeessa C. kallattii seeneessuu D. sabseenaa
30. ’’ kan garaa malee kan maqaa yoom nu dhibe’’ jedhe waraabeessi
A. mitihee B. arbeessuu C. nameessa D. bakkasaa
31. Gochibsi haalaa gaaffii __________jedhu deebisa ? A. yoomi ? B. akkamitti ? C. maaliif D. eesssatti
32. yaada walii gala asoosama tokkoo kan of keessaa qabu kami ?
A. ija B. namfakkii C. waldiddaa D. ergaa
33. caaccculee asoosamaa keessaa lafee dugdaa asoosamaa kan ta’e isa kami ?
A. namfakkii B. jaargocha C. waldiddaa D. yoomessa
34. Mana farsoofi bara rakkoo _____. Mammaaksa kana kan xumuru;
A . Mataa olqabatanii dhaadatu B. dhiichisaafi sirbaan simatu C. Achuma ta’aaniitu mataa raasu
D. oliifi gadi deemanii himatu.
35. Dabbasaan mucayyoo eegee fardaa fakkaata. A. akkasaa B. iddeessa C. ukukkubsee D. arbeessuu
Kaliil Q. tiin
Hagayya 2014/22

You might also like