You are on page 1of 6

QORUMSA MOODEELA AFAAN OROMOO KUTAA 8FFAA BARA 2012

KUTAA I: JECHOOTAAFI SEERA AFAANII


QAJEELFAMA: GAAFFILEE 1-5TTI ARGAMAN SEERA BARREEFFAMA AFAAN
OROMOO IRRATTI HUNDAA'UUN FILANNOO DHIYAATAN
KEESSAA DEEBII SIRRII TA'E FILADHU.
1. Roobsan sireerra _____________________.
A. Ta'e C. Ta'ee
B. Taa'e D. Taa'ee
2. Jechi sagalee irra butaa hinqabne kami?
A. Jaarsa C. Digdama
B. Abdii D. Damma
3. Eebbisaan Keebeekiif qeensa _________________.
A. Qore C. Qoree
B. Qooree D. Qoore
4. Jecha gaara jedhu keessatti tarreeffama qubeewwanii jijjiiruudhaan hiika
kan hinkennine kami?
A. Argaa C. Ragaa
B. Garaa D. Aarga
5. Kan garaan fira hingodhiin, __________ fira hingodhu.
A. Adaraan C. Aadaraan
B. Addarraan D. Aadaran
QAJEELFAMA: HIIKA JECHOOTA GAAFFILEE 6-13TTI KENNAMANII FILADHU.
6. Xuurii
A. Qulqulluu C. Ifaajee
B. Balfa D. Dhoqqee
7. Raagaa
A. Jaarsa C. Abbaa
B. Ijoollee D. Wabii
8. Jiiluu
A. Jiidhuu C. Affeeruu
B. Dhiisuu D. Guuruu
9. Ergaramuu
A. Ajajamuu C. Waamuu
B. Miidhamuu D. Deemuu
10. Baatii
A. Guyyaa C. Ji'a
B. Waqtii D. Fiixee
11. Raata'aa
A. Joonja'aa C. Morkataa
B. Beekaa D. Laamsha'aa
12. Obboroo
A. Urjii C. Galgala
QORUMSA AFAAN OROMOO (AKKA AFAAN JALQABAATTI) FUULA 1

Mana Barumsaa Naafyaad


QORUMSA MOODEELA AFAAN OROMOO KUTAA 8FFAA BARA 2012

B. Halkan D. Barraaqa
13. Dhukkubni kee yoo sitti fure na bira kottu. Hiikni jecha jala sararamee
kami?
A. Cime C. Fooyya'e
B. Hiike D. Hammaate
QAJEELFAMA: FAALLAA JECHOOTA 14-18TTI DHIYAATANII FILADHU.
14. Dansa
A. Misha C. Baroo
B. Badaa D. Gaarii
15. Tumsuu
A. Utubuu C. Mormuu
B. Reebuu D. Cimsuu
16. Kaamettii
A. Balballeettii C. Gameettii
B. Harka toleettii D. Boosettii
17. Dedhuu
A. Irraanfachuu C. Sodaachuu
B. Yaadachuu D. Ifachuu
18. Quxusuu
A. Hangafa C. Eegoo
B. Dubara D. Dhiira
QAJEELFAMA: GAAFFILEE 19-24TTI ARGAMANIIF HAALA GAAFATAMTEEN
DEEBII SIRRII TA'E FILADHU.
19. Kan adda ta'e kami?
A. Gamna C. Hayyuu
B. Ogeessa D. Beekaa
20. Jecha tishoo kan hintaane kami?
A. Rog-sadee C. Mata duree
B. Bu'a dabeessa D. Gamaa gamana
21. Jaalala jedhee jibba yoo jedhe, fira jedhee_________________.
A. Orma C. Hiriyaa
B. Maatii D. Ollaa
22. Guutaan hojiisaa waan hinkabajneef, ___________________.
A. Nijajame C. Nisodaatame
B. Nijibbame D. Nibadhaafame
23. Kute jedhee kunne yoo jedhe, bite jedhee _________________.
A. Bitte C. Binne
B. Bittan D. Bitan
24. Jechoonni armaan gadii tartiiba kuusaa jechootaatiin yoo taa'an filannoo
kam ta'a?

QORUMSA AFAAN OROMOO (AKKA AFAAN JALQABAATTI) FUULA 2

Mana Barumsaa Naafyaad


QORUMSA MOODEELA AFAAN OROMOO KUTAA 8FFAA BARA 2012

1. aaga 2. Arda 3. Akka 4. Ala


A. 1,4,3,2 C. 4,3,2,1
B. 4,1,2,3 D. 1,3,4,2
QAJEELFAMA: GAAFFILEE 25-35TTI SEERLUGARRATTI HUNDAA'ANII
DHIYAATANIIF DEEBII SIRRII TA'E FILADHU.
25. Biliseen haadha ishee cinaa teessi. Hima kana keessatti durduubeen kami?
A. Haadha C. Cinaa
B. Ishee D. Teessi
26. Mana koo bira dhaabbadhuu na eegi. Jechi jala sararame:
A. Maqaa C. Durduubee
B. Maq-dhaal D. Xum-ibsa
27. Qarshiin fedhii namaa guutuuf murteessaadha. Jechi jala sararame maali?
A. Gulummoo C. Xumura
B. Raawwatama D. Bamaqaa
28. Jecha saawwan jedhu keessatti maxxantuun kami?
A. -an C. -wwan
B. -wan D. -n
29. Qubeefi sirna tuqaalee sirriin kan barreeffame kami?
A. "Akka har'aa ta'ee hinbeeku?" jedhe hantuunni bukoo lixee.
B. Akka har'aa ta'ee hinbeeku jedhe "hantuunni bukoo lixee".
C. "Akka har'aa ta'ee hinbeeku," jedhe hantuunni bukoo lixee.
D. "Akka har'aa ta'ee hinbeeku jedhe hantuunni bukoo lixee".
30. ___________ namaaf hinnaatu. Jechi bakka duwwaatti guutu:
A. Isiin C. Inni
B. Isin D. Ani
31. Bor _________ iftaan dhufu?
A. Fi C. Yoo
B. Moo D. Garuu
32. Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan jedhu gabaajeedhaan yoo keenyu kam
ta'a?
A. D.F.A C. Dh.A.F
B. D.A.F D. Dh.F.A
33. Tulluun mana jala taa'ee muga. Kan jala sararame?
A. Gaalee C. Hima
B. Ciroo D. Firoomsee
34. Suutumeen suuta nyaata nyaatti. Jechi jala sararame:
A. Ibsa maqaa C. Irraawwatama
B. Ibsa xumuraa D. Durduubee
35. Firoomsaan qabxii gaarii fide. _________ itti hingammanne.
A. Kanaafuu C. Yookiin
B. Kana malees D. Garuu
QORUMSA AFAAN OROMOO (AKKA AFAAN JALQABAATTI) FUULA 3

Mana Barumsaa Naafyaad


QORUMSA MOODEELA AFAAN OROMOO KUTAA 8FFAA BARA 2012

KUTAA II: AFOOLA ADDA ADDAA


QAJEELFAMA: JECHAMOOTA GAAFFILEE 36-39TTI DHIYAATANIIF
FILANNOOWWAN KENNAMAN KEESSAA HIIKA SIRRII TA'E
FILADHU.
36. Nyaara aaddatte
A. Niqaanofte C. Safuu wallaalte
B. Niheerumte D. Baay'ee miidhagde
37. Ba'aa laphee
A. Ba'aa ulfaataa C. Ulfa garaa
B. Jaalala cimaa D. Dhibee onnee
38. Quba hinqabu
A. Hinbeeku C. Hinsodaatu
B. Hindubbatu D. Qaama hir'uudha
39. Gurra qaba
A. Gurra guddata C. Beekamaadha
B. Qaanii wallaale D. Coomaadha
QAJEELFAMA: MAMMAAKSOTA GAAFFILEE 40-45TTI ARGAMANIIF DEEBII
SIRRII TA'E FILADHU.
40. Malaan bishaan ____________.
A. Waadu C. Dhugu
B. Waraabu D. Daaku
41. Ijoolleen nyaataaf waaman, _____________________.
A. Harka dhiqachuu diddi C. Tapha caalchifatti
B. Ergaadha seetee diddi D. Daftee nyaattee fixxi
42. Dubartiin afaan kaa'aa barte, kaballaa dhaqnaan ________________.
A. Jalaa miliqxe C. Harka ciniinte
B. Jalaa calliste D. Afaan bante
43. Jabbiin hootu, _____________________.
A. Hinutaaltu C. Hinmar'attu
B. Hinquuftu D. Hinbeeloftu
44. Haadha ilaalanii, intala ____________________.
A. Arrabsu C. Gowwomsu
B. Fuudhu D. Kabaju
45. Mana onaa mannaa, niitii ________________.
A. Fuudhuu wayya C. Ollaa wayya
B. Boontuu wayya D. Ontuu wayya
QAJEELFAMA: HIBBOOWWAN 46-48TTI ARGAMANIIF DEEBII SIRRII TA'E
FILADHU.
46. Dheerinni isaa hamma hinqabu, harma saree hinqaqqabu.
A. Bishaan C. Muka
B. Karaa D. Funyoo

QORUMSA AFAAN OROMOO (AKKA AFAAN JALQABAATTI) FUULA 4

Mana Barumsaa Naafyaad


QORUMSA MOODEELA AFAAN OROMOO KUTAA 8FFAA BARA 2012

47. Gombifamus hindhangalaasu.


A. Qalqala midhaanii C. Mucha sa'aa
B. Hubboo bishaanii D. Funyaan namaa

48. Warri gamaa falaxaan balbala cufatu.


A. Ilkaan C. Kanniisa
B. Nyaara D. Balbala
KUTAA III: DUBBISA
QAJEELFAMA:DUBBISA ARMAAN GADII IRRATTI HUNDAA'UUDHAAN GAAFFILEE
49-55TTI DHIYAATANIIF DEEBII SIRRII TA'E FILADHU.
Leenca dulloomaa tokkotu jira ture. Innis, baay'ee dulloomaa waan tureef,
asiifi achi deemee nyaata barbaaddachuu hindanda'u. Kanaaf, mala ittiin
nyaata argatu barbaaddachuuf bosona galee ciise.
Wayita kana, yaanni tokko dhufeef. Innis, jaldeessa ofitti waamee, "Deemiitii
obbo guddoon dhukkubsatee ciisee waan jiruuf, kottaa gaafadhaa! Jedhiitii
bineensota hundumatti himi," jedhee ergeen. Jaldeessis ergaa obbo guddoo
bineensota hundumatti hime. Bineensonnis, oduu kana akkuma dhagahaniin
tokko tokkoon leenca gaafachuu eegalan.
Leencis, bineensota isa gaafachuu dhufan, "Maaloo oluma seenaa!” jedhee ol
seensisuun nyaatee isaan fixe. Dhumarrattis, qamaleen dhufte. Isheenis,
balbala mana leencaarra teessee, "Akkam isinitti wayyaa'ee?" jettee gaafatte.
Leencis, "Lakki na dhukkuba ol seenii na gaafadhu," jedheen.
Qamaleenis, akka ishee nyaachuuf ta'e galeefii, "Lakkii obbo guddoo
bineensonni hundumtuu dhufanii si gaafataniiru. Garuu, kottee bineensota
seenan malee kan ba'an hinargine," jetteen jedhama.
49. Akka dubbisa kanaatti obbo guddoon eenyu?
A. Leenca C. Jaldeessa
B. Qamalee D. Arba
50. Leencichi maaliif asiifi achi deemuu dadhabee ciise?
A. Waan beela'eef C. Waan dhukkubeef
B. Waan dheeboteef D. Waan dulloomeef
51. Leenci eenyuun ergate?
A. Qamalee C. Jaldeessa
B. Obbo guddoo D. Jeedala
52. Bineensonni meeqa ta'anii deemanii leenca gaafataa turan?
A. Tokko tokkoon C. Waluma faana
B. Lama lamaan D. Deebiin hinkennamne
53. Bineensi dhumarratti leenca gaafate eenyu?
A. Jaldeessa C. Qocaa
B. Obbo guddoo D. Qamalee
54. Dubbisa kana keessatti gamni gamna caalu eenyu?
QORUMSA AFAAN OROMOO (AKKA AFAAN JALQABAATTI) FUULA 5

Mana Barumsaa Naafyaad


QORUMSA MOODEELA AFAAN OROMOO KUTAA 8FFAA BARA 2012

A. Jaldeessa C. Jeedala
B. Qamalee D. Leenca
55. Qamaleen maaliif ol seenuu didde?
A. Waan ariifatteef C. Leenci waan dheekkameef
B. Leenci waan fayyeef D. Leenca waan sodaatteef
QAJEELFAMA: GAAFFILEE 56-60TTI DHIYAATANIIF UNKA XALAYAA HOJII
IRRATTI HUNDAA'UUN DEEBII SIRRI TA'E FILADHU.
1_______________
________________
2_______________
________________

3_______________
________________

4_______________

5____________________________________________________________________________
_____________________________________________________________________________
_____________________________________________________________________________
_____________________________________________________________________________
_____________________________________________________________________________
_________________________________.

6 __________________
7 __________________
56. Teessoon abbaa barreessuu kan barreeffamu eessatti?
A. 4 C. 1
B. 2 D. 3
57. Guyyaa xalayichi itti barreeffame lakkoofsa kamtu ibsa?
A. 1 C. 7
B. 3 D. 2
58. Dhaamsi nagaa eessatti ibsama?
A. 6 C. 5
B. 4 D. 7
59. Waajjira xalayaan kun barreeffamuuf eessa ta'uu qaba?
A. 1 C. 2
B. 3 D. 4
60. Qaama xalayichaa kan ibsu lakkoofsa kami?
A. 1 C. 5
B. 3 D. 2

QORUMSA AFAAN OROMOO (AKKA AFAAN JALQABAATTI) FUULA 6

Mana Barumsaa Naafyaad

You might also like