You are on page 1of 22

KAROORA HOJII WAGGAA

BARA 2015

CRC CULUL
BASHIIR ABRAAHIM SAALII
WAX 2014

1
Seensa
Mootummaan misoomawaa fi dimokiraatawaa keenya daandii haaromsaa jalqabe cimsee itti fufuun Biyya
keenya sadarkaa guddina biyyoota galii giddu galeessaa qaban irraan gahuuf karoora yeroo dheeraa fi gabaabaa
qopheeffatee hojjechaa tureera. Mul’ata, ergamaa fi sonaawwan akka Biiroo Barnoota Oromiyaatti bahee galma
geessisuuf CRC Cululitti akka madaalamaa deemuu gochuun qulqullina barnootaa mirkanneessuuf Hojii bara
2014 keessaatti hojjetamaa turan ciminaa fi hanqina isaa ilaaluun hanqinoota argaman irratti karoorsuu fi
Ciminoota jiran itti fufsiisuun karoorri guddinaa fi tiraanisfoormeeshii galmaan ga’uf Bifuma kanaan hojii bara
darbee xiinxaluun karoora bara 2015karoorfate milkeessuuf haal-dureewwan barbaachisan guutuun hojii haala
barbaadameen hordofuu fi deeggarsa kennuuf qulqullina barnootaa mirkaneessuuf karoora armaan gadii
qopheefateera.

Kutaa -I
1. Haala Waliigalaa
1.1. Sakatta’iinsa Mana Hojii
1.1.1. Sakatta’insa CRC Culul
. Haala Waliigala CRC Culul

CRC Culul CRC Aanaa Gurawaa jiraan keessa karaa Kaabaan CRC L/Harawaa ,Kibbaan CRC Dorrobaa ,Bahan CRC
Warqee fi dhihaan CRC L/Abbayii wajjiin daangeffamtee Giraawaa irra karaa Kibbaatiin kiiloometra 15 irraattii fagaaattee
argamtu yoo ta’u ,Araddoonii CRC kana jalaa jiraan Araddaa Haqabaasii fi Araddaa Wajjin jireenyaati.

I . GULANTAA TOKKOFFAA

2
1.1.SAKATTA’IINSA MANA HOJII(ENVIRONMENTAL SCANNING)
Haala Waligaala CRC Culul
Qajeelfama BBO irratti hundaa’uun aangoo fi hojiin Suuparvaazara CRC ilaalchisee

A.Gochaawwan bulchiinsaa (Administrative tasks)


* Rakkoolee gurmaa’inaa fi hooggansa M/barnootaa keessatti mul’atan adda baasuun furmaata ni kenna

* Imaammata, dambii fi qajeelfama barnootaa Naannoon ittiin hoogganamtu hojii irra oolchuu fi sadarkaa isaa kan
eeggate ta’uu ni hordofa.

* Dhiyeessii fi itti fayyadama meeshaalee barnootaa, ramaddii fi baay’ina hojii barsiisotaa, qabiinsaafi itti
fayyadama maallaqaa, qophii karoora barnootaa fi raawwii isaa irratti deeggarsa ogummaa ni kenna; hojiirra oolmaa
isaas ni hordofa.

* Tarkaanfiin naamusaan wal-qabatee barattoota irratti fudhatamu ijoollee irratti dhiibbaa garaa garaa akka hin
geessisne barsiisotaa fi hawaasa mana barumsaa ni gorsa. Ijoollee umriin isaanii barnootaaf gahe haala barumsa
itti argatan ni karoorsa

* Barnoota bu’uura Ga’eessotaa nama barachuu danda’u hundaa akka walgahu ni taasisa

* Hirmaannaan barattoota dubartootaa akka dabaluu fi tooftaalee harca’iina xiqqeessuu dandeessisan kan akka
naannoo fi Aanaattii bahe hojii irra ni oolcha.

*Tooftaa dubartoonni barnoota irratti cimanii dorgomtoota ittii ta’uu danda’an ni mijeessa, hojiirras ni oolcha.
B.Gochaawwan akkaadamiin /barnootan wal qabatan
* Manneen barnootaa keessatti sirni barnootichaa galmaa fi istaandardii qabaachuu qabu adda baasuu danda’uu

* Barsiisonni akka barnoota wal irraa fudhatanii fi wal gargaaran/deeggaran mijeessuu

* Hojiirra oolmaa fi raawwii sirna barnootichaa irratti barsiisota gargaaruu fi akka waliinis mari’atan deeggaruu

* Manneen barnootaa fi daree keessatti walqixxummaan saalaa akka dagaagu gochuu

* Barattoota barnoota fedhii addaa qaban adda baasuun deeggarsa barbaachisu akka argatan gochuu

* Barnoota daree keessatti kennamu barnoota walmaddeessatiin akka deeggaramu gochuun cimsuu

* manneen barnootaa fi CRC dhaaf deeggarsa ogummaa ni kenna. Tajaajiiloota barnoota dubartootaa,
daa’immanii fi ga’eessotaatiif deggarsa ni kenna

3
* Adeemsa /haala baruu-barsiisuu fooyyessuun bu’aan barbaadamu akka argamu daree keessatti
tajaajila/deeggarsa kennuu

* Barsiisonni sa’aa barnootaa hojii barnootaa qofaaf akka oolchan jajjabeessuu

* Dargaggoonni fi daa’imman naamusaa fi hamilee gaarii horachuudhaan abdii biyyaa haalli itti ta’uu danda’an
ilaalchisee barnoonni lammummaa fi amaala gaarii tiif xiyyeeffannoo kennuun ni hojjata.

C.Gochaawwan deeggarsa kennuu


* Galmi ijoon supparviizyinii deeggarsa kennuu fi geechisuu Waan ta’eef Adeemsa baruuf barsiisuu daree keessatti
kennamu madaaluun barsiisotaaf deeggarsa barbaachisu ni kennun; humna isaa guddisudha.

* Manneen barnootaa keessatti galii maddisiisuun haala itti fayyadamuu danda’an ilaalchisee sirna ni dirriirsa,
hojiirraa akka oolu ni taasisa

* Hawaasa mana barumsaa gidduutti walitti dhufeenya fayyeeleessaa fi gaarii uumuun hojiin baruuf barsiisuu
milkaa’aa akka ta’u godha.

* Bittaa meeshaalee barnootaa fi raabsaa irratti deeggarsa barbaachisu godha.

* Qorannoon gochaa akka adeemsifamu gochuufi bu’aalee qorannoon argamanii beeksisuu, hojiirra oolmaa isaas
hordofuu fi kkf.

* Tarsiimoo fi sagantaa sadarkaa sadarkaan jiran hordofuu fi madaaluu,

* Barsiisotni sirna barnooticha irratti yaada akka kennan fi madaalan gochuu,

* Raawwii madaallii walittifufaa hordofuu,

* Uwisa, dhiheessi qulqullina fi gahumsa barnootaa guddisuuf carraaqqii fi hojiiwwan raawwatan madaaluu,

* Qabxiilee madaallii sadarkaa saanii qopheesuun manneen barnootaa hangam ittigaafatamummaa isaanii akka
bahaan ni gamaaggamu.

* Gabaasa isaanis maatii barattootaaf, kutaalee hoggansaaf akkasumas barsiisotaaf nidhiyeessu.Deeggarsa


barbaachisaa ta’es ni kennu.

* Manneen barnootaa madaallii fi deeggarsi isaan barbaachisu filachuun hanqinoota gabaasan adda bahan yoo
jiraatan manneen barnootaa kanaaf dursa kennuu ni deegaruu
1.1.1. Hojiiwwan Mana Barnootaa Keessatti hojjataman
A. Koree Hojii Ijoo Fooyya’iinsa Manneen Barnootaa

4
 Sadarkaa mana barnootaatti Koree Fooyya’iinsa Mana Barnootaa gahee hojii armaan gadii sadarkaa mana
barnootaatti kan raawwatu ta’a. Miseensonni koree kanaas:
1. Itti gaafatamaa mana barumsaa .........................w/qabaa
2. Qindeessaa supparvizyinii keessoo.....................miseensa
3. Barsiisota ciccimoo keessaa nama 2.......................miseensa
4. GMB(maatii baratootaa 2)..........................miseensa
5. Bakka bu’aa kaawunsilii Barattootaa..............miseensa

Yaadachiisa:

 Barreessaan qindeessaa supparviizyinii keessoo ta’ee gahee hojii armaan gadii koree JBAH fi GQB waliin ta’uun
hojjachuu.

Hojiiwwan Gurguddoo Hojjataman

Adeemsa Hojii Ijoo Fooyya’iinsa Manneen Barnootaa Jalatti Raawwataman

 Manni barumsaa karoora sagantaa fooyya’insa mana barnootaa hirmaachisaa ta’e qopheessuudhaan hojiirra
oolchuu, qabxiin barattootaa akka fooyya’u hojjechuu,
 Ijaarsi GQB barnootaa akka cimu taasisuudhaan fooyya’insi barachuu barattootaa akka jiraatu taasisuu,
 Nageenyaa fi tasgabbii mana barnootaa keessatti mirkaneessuun barumsaaf mijataa akka ta’u taasissuun adeemsi
baruu-barsiisuu bu’aa qabeessa akka ta’u gochuu,
 Sochii koree GMB fi BBLG mana barnootaa keessatti cimsuun miira abbummaan bulchuu akka dagaagfatu
taasisuu,
 Walitti dhufeenya mana barnootaa fi hawaasaa cimsuudhaan hawaasni mallaqaan, humnaa fi meeshaan mana
barnootaa akka deeggaran taasisuu,
 Gahumsi keessoo barnootaa mirkaneessuuf tarsiimoo BBOn qophaa’ee haala qabatamaa mana barnootaan hojiirra
oolchuu,
 Hirmaannaa barattootaa fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf dhimmamtoota barnootaa waliin hojjechuu,
 Muuxannoowwan gaggaarii akka naannootti qindaa’anii gadi bu’an haala qabatamaa mana barnootaa isaanitti
hojiirra oolchuu, akkasumas muuxannoo gaarii mana barnootaa qindeessuu,
 Supparvizyinii keessoo cimsuudhaan adeemsi baruu fi barsiisuu akka fooyya’u gochuu,
 Mana barnoota mootummaa sadarakaa 1ffaa keessatti BID akka kennamu taasisuuf haal-dureewwan
barbaachisan hunda mijeessuun hojiirra oolchuu,
 Daa’immaan barnoota fedhii addaa qaban mala barsiisuu hunda hammattoo (inclusive education) fayyadamuun
barnoota qulqullina qabu akka argatan taasisuu,
 Qabxii barattootaa fooyyeessuuf tooftaawwan bu’aa qabeessa ta’an hojiirra oolchuu, akkasumas barattoota
shamarraniif deeggarsa addaa gochuu.
1.1.2. Ergama fi Mul’ataa Mana Hojii

5
I. Ergama
Humna namaa fi leecalloo barbaachisaa ta’e guutuun carraa barnootaa, walgitiinsi, qulqullinni, fi ga’umsii isaa
mirkanaa’e karaa idilee fi al-idileen babal’isuu fi qorannoo fi qo’annoo irratti hundaa’uun aadaa, seenaa fi Afaan
Oromoo dagaagsuu akkasumas M/barnootaa keessatti aadaa dimookraasii fi bulchiinsa gaarii babal’isuu.
II. Mul’ata
Lammii baratee amala gaarii fi ga’umsa qabu akkasumas duudhaalee dimookiraasii, misoomaa fi bulchiinsa gaarii
gonfatee, daandii haaromsaa jalqabame itti fufsiisuun biyya keenya sadarkaa biyyoota galii giddu-galeessaa irraan
ga’uu danda’u horatamee arguu

1. Xiinxala Haala Raawwaii Hojjii Bara 2014


1.2. Xiinxala Haala Siyaas-Dinagdee
Rakkoo bulchiinsa gaarii hawaasni keenya kaasu fi waadaa paartii fi mootummaan keenya hawaasaaf gale bifa
guutuu ta’een bu’uura irraa deebii kennnuuf haalota raawwii keenya kan bara 2014 keessatti ture qorachuun bara
2015 keessatti hiikuun gaaffii hawaasni kaasu deebisun barbaachisaa qofa osoo hin taanee murteessaadha.
Kanaafuu, haala siyaasa diinagdee baadiyyaa keessaa jiru hubachuun maddoota kira sassaabdummaa ta’an
addaan baasuun qabsoo itti fufiinsa qabu gaggeessuun waadaa ummataaf galame bara 2015 keessatti
raawwatamuu qaba.

1.3 Qaacceessa Haala Raawwii Hojiiwwan Ijoo

1.3.1. Haala Ijaarsa Geengoo Qulqullina Barnootaa M/Barnoota ilaalchisee

# Hojiiwwan ijoo barnoota waliigalaa keessaa tokko GQB ijaaramee cimsuun TMGB-PMQB lafa qabachiisuun
qulqullina barnootaa mirkaneessuu dha. Haala kanaan gurmaa’insa humnoota misoomaa sadan cimsuun hojii
hojetameen bu’aan nama jajjabeessu argameera,haaluma kanaan ijaarsa GQB sadarkaa CRC tti
A. Miseensaa GQB Damee Uummata
 Miseensaa GQB Barattoota Qaxalee M/Barnoota) kuta 5-8 Dhi20 Dub6 Ida26 Garee(tuutaa) 4
 Miseensaa GQB Barattoota Qaxalee Daree kuta 5-8 Dhi70 Dub 15 Ida 85 Garee(tuutaa) 14
 Miseensaa GQBBu’uuraa Barattoota kuta 5-8 Dhi 580 Dub 389 Ida 967 Garee(tuutaa 130] bara 2014 tti
ijaaruun leenjii humna raawwachiisummaa cimsu kennuufiin hojii keessa akka galan ta’ee jira

6

B. Miseensaa GQB Mootummaa
Baayinaa Miseensaa GQB Barsiisaa Qaxalee Dhi9 Dub 1 Ida 10 garee (Tuutaa2}

Baayina Miseensaa GQB Bu’uuraa Barsiisoota Dhi 43 Dub 7 Ida 50 garee (Tuutaa10}

 Bara 2014ttii karoora qabame milkeessuuf hojiileen humna raawwachiisummaa cimsuu danda’an raawwatameera..
 Xinxalaa fi madaallii raawwii hojii kurmaana kurmaanaan raawwatame irratti hundaa’uun M/Barnoota
sadarkeessuun miira dorggommii keessa akka galaniif haal dureewwan barbaachisan mijaa’aa jira.
A. Sochii Damee Dhaabaa
 Hojiiwwan dhaabaa fi mootummaa walsimsiisuun akka hojiira ooluu gochuun sadarkaa M/Barnootatti ciminaan
raawwatamaa turuu.
 Sadarkaa CRC fi M/Barnootatti Barsiisoota qabnu 50(dhi.43 dub.7 ) keessaa miseensoota Paartii 68(dhi 55,dub 13
100%) gurmeesuun hojiin hojetamaa turee jira.
 Waltajjiiwwan paartii hojiiwwan idilee haala deggaruu fi milkaa’ina isaatiif haala mijeessuu karaa danda’uun
hojetamaa turuu.
 Ijaaramoonnii hunduu qabsoo fi adda durootaan akka hooganamuuf M/Barnootatti hojetamaa turuu.
 Adda duree ilaalchisee akka CRCttiAdda dureen Dhi 6,Dub 2 w/g 8 horatameera
1.3.2. Muxxannoo Gaarii Babalisuu:Gamaaggama hojii kurmaana CRCttii hojii haala karoora isaanitiin
quubsaa fi sanaan ol hojjetan fudhachuun kanneen biroof muuxannoo akka ta’u tooftaa itiin milkaa’an akka
qopheessanni dhiyeessan ta’e muuxannoo akka walirraa fudhatan gochuuf haal dureewwan barbaachisan
hojetamaa jira.
1.3.3. Rakkoolee Hojii Ijoo
Qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti hudhaaleen sadaniin rakkoolee hojii ijoo keessatti mul’atan yoo
ilaalaman:
A. Gama Dandeettiin

Adda duree horachuu irratti sad. M/Barnootatti xiyyeeffanaan hojjechuu dhabu fi raawwiin hojii GQB keenya
sochiin isaa sadarkaa M/Barnoota fi CRC giddu jiruu walfakaachuu dhabu.

B. Gama Dhiheessiin

Hanqini barsiisota sad. Tokkoffaa M/Barnoota hundaa keessatti gosa barnootaa hundaan jiraachuu dhabuu.

1.4. Haala Hawaasa Manneen Barnootaa

1.4.1. Haala D/Bu’oota biratti mulla’atan

 GQB ijaaramee jiruu haala hojmaata taa’een marii osoo walirraa hincitiin akka gaggeffamuu gochuu dhabuu,

7
 Garaagarumaa raawwii sochii GQB , jiduu jiruu dhiphisuu dhabuu, kessumaa sochii GQB sadarkaan adda
ba’uu irra darbee kanneen raawwii isaaniin sadarkaa gadi aanaa irra jiran gara jidugalessattii, kan jidugalessaa
irra jiran gara olaanaattii fiduuf karoorfatanii socha’uu dhabuun hogansa Keenya hedduu birattii akka
hanqinaattii kan ilaalamudha.

1.4.2. Haala Barsiistotaa

A) Ilaalcha Barsiisotaa
 Dandeettii dubbisuu fi barreessuu barattootaa fooyyessuu qophaa’ummaa dhabuu
 Barsiisoota muraasa birattii geengoowwan ijaaramanii jiran kessattii hirmaachuuf fedhii kan hin qabnee ta’uu fi sababa adda addaa
umuun yaroo marii geengoo gaggefamuu argamuu dhabuu,
 Hojii barsiisaa daree kessattii barnoota kennuu qofa godhannii ilaaluu
 Haaftee barattootaa dhimma qaama hogansaa barnootaa qofaa akka ta’eettii ilaaluu irraa kan ka’ee ga’een barsiisoonnii tokkoo tokko
ba’aa jiran xiqqaa ta’uun hanqinaalee ijoo barsiisoota birattii mul’atudha.

B. Dandeettii Barsiisotaa

 Darbee darbee karoora waggaa fi guyyaa bifa jijjiirama fidu danda’uun qopheessuu dhabuu,
 Madaalli walitti fufaa fi mala dammaqinaan barachuu hojiirra olchuu irratti hanqinni jiraachuu,

C) Dhiheessii Barsiisotaa

 Darbee darbee barsiisonni meeshaalee deeggarsa barnootaa qopheessanii itti fayyadamuu dhabuu.
 Ragaa qulqulluu fi amansiisaa ta’e qabachuun hanqina mul’ate ta’uu,
1.4.3. Hanqinoota koree GMB FI BBL birattii mulaatan
 Hanga D/Bu’aan m/barnoota waamichaa tasiisuutti gara mana barumsattii dhufuu dhabuu
 Abbaan m/barumsaa hawaasa bakka bu’ee bulchuu ana jeedhanii karooran hoganamuun hojaachuu irrattii
egatuman jiraachu isaa.
 Miseensoota koree GMB fi BBLG muraaasa birattii ijoollee isaa gara m/barumsaa galchuuratti hawaasaaf
fakkeenyaa tahu dhabuu.

1.4.4. Haala Barattoota biratii mulatan


 Ilaalchi hirkattummaa bu’uuraan buqqa’uu dhabuu irraa kan maddeen qormata walirraa galagalchuu fiFayidaa
yeroof dursa kennuun barnoota addaan kutanii gara biyyoota alaa fi bakka adda addaa godaanuun ni mul’ata.
 Dandeettii dubachuu, dubbisuu fi barreessuu Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingilizii irratti rakkoon
jiraachuu,
 Sadarkaa barumsaa irra jiran waliin beekumsa walgitu uummachuuf carraaquun kan hafu ta’uu.
 Hafaattii fi orraffannaan ammaalee barattoota murasaa biraatti kan mulatuu tahu isaa.

8
 Barattoota tokkoo tokkoo birattii yeroo barsiisoonnii barnoota dabalataaf isaan yaaman argamuu dhabuu,
 Sababa bu’aa yeroof jecha mana barumsaa irraa haafuun barnoota adda muruun ammalee haanqina ijoo gama
barattootaatiin mul’atudha.
1.5. Kallattii Fuula Duraa Hojii Ijoo Ilaalchisee

Hojii hunda Geengoo fi geengoo qofaan hojjechuun rakkoolee karoora hojii bara 2014 keessatti mul’ataa turee
maqsuun GQB ilaalchaan wal fakkaata M/Barnoota keessatti uumuun, hojii hunda bifa guutuu ta'een lafa
qabsiisuun qulqullina barnootaa barbaadamu fiduuf walitti hidhamiinsi damee hawaasaa waliin jiru cimee akka
deemuu taasisuu.
1.6. Qaacceessa Haala Raawwii Hojiiwwan Gurgguddoo
1.6.1. Carraa Barnoota Babalisuu Ilaalchisee
A. Barnoota Idilee Duraa(BID)
 Hirmaannaa Barnoota idleen duraa 50% gahuuf kan karoorfame ta’us, raawwiin isaa dhuma bara 2014 tti Dhi180 Dha126 Ida’ama
306 barsiisuun danda’amee jira
B. Barnoota Sadarkaa 1ffaa
 Babal’ina manneen barnootaa sad.1ffaa ilaalchisee bara 2014 irrattii manneen barnootaa sad.1ffaa 6 kan ture
bara 2015ttii 6 irra tursisuu. Haala kanaan baayinnii barattootaa bara 2014 kessattii w/g4877(dhi 2802,dub
2075) ga’uuf karoorfamee Raawwiin barattoonnii 4504 (Dhi 2609. , Dub 1895) barsiisuun danda’amee jira.
 Haala waligalaan Karoora qabanne wajjin raawwiin isaa fooyyee sababa ittii ta’uu danda’e kessaa ijoon:
Mootummaa fi ummatni qindoominaan manneen barnootaa dhaqqabamaa gochuu, Ummatni leecalloo
barnootaaf barbaachisaa ta’an guutuu fi Ummatni abbummaan manneen barnootaa hogganuu keessatti qooda
fudhannaan isaa dabalaa dhufuu irraa kan ka’een dha.
F. TMG- Paakeejii Mirkaneeffannaa Qulqullina Barnootaa Babal’isuu
 Bara 2014tti manneen barnootaa hunduu Geengoo fi Geengoo qofaan hojjetanii bu’aa olaanaa akka
galmeessisan karoorfamee raawwiin bara kana Sadarkaa fooyya’aa irraan gahuun danda’ameera.

G. Barnootaa Bu’uura Ga’eessotaa


Ga’eessota umuriin 15-60 dubbisuu fi barreessuu hin dandeenye keessaa bara 2014 tti 1372 simachuun barsiisuuf
karoorfameraawwiin ga’eesoota648 Barsiisuun Qormaata Qoramaanii darbanii jiru.

Hanqina Hojii Gurguddoo


 Caasaan Araddaa Xiyyeefannaa kennuu dhabuu

9
Hanqinaaleen GQB irraa mul’atan:
 D/Bu’oonii M/B hojii ilaalcha jijjiiruu akka hojii ijootti fudhachuun warraaquun laafina qabaachuu,
 GQB lafa qabsiisuu ilaalchisee kutannoon jiru wal qixa ta’uu dhabuun,
 Ilaalchaa fi gocha kiraa sassaabdummaa irratti qabsaa‘uu irrattis hoggansii fi adda dureen ilaalcha ittiin
bulinnaa irraa guutummaatti walaboomuun socho’uu dhabuu,
 Paakeejii mirkaneeffannaa qulqullina barnootaa karaa guutuu ta’een hojiirra olchuu dhabuu,GQB sadarkaa
barbaadameera gahu dhabuu.
 Qisaasama barnootaa hanga eegameen xiqqeessuu dhabuu keessattuu harcaatii fi haftee barattootaa
sadarkaa barbaadamuun xiqqeessuu dhabu,
 BBG haala karooraan qindoominaan raawwachuu dhabuun hanqina sakatta’amuu qabu dha.
 Manneen barnootaa tokko tokko keessatti GMB’n baajata ”School Grant” sirriitti hordofuu dhabuun akka
hanqinaatti beekuun danda’ameera

Kutaa II
2. Karoora Hojii Bara 2015
2.1. Kaayyoo BarnootaaWaliigala
 GQB dame sadan ijaaramee jiru daran cimsuun gahumsaa fi dandeettii barsiisotaa foyyeessuun lammii
gahumsaa fi naamusa gaarii qabu horachuu
 Humna raawwachiisummaa hoggansaa fi dhimmamtoota adda addaa yeroo yeroon cimsaa deemuu
 Daa’imman barnootaa irra tursiisuu beekumsa dandeettii fi sonawwan omishtummaa itti horuun lammii itti
gaafatamummaa qabuu fi dinagdee adduunyaa keessatti dorgomaa ta’e horachuu.
 Daa’imman hundaaf barnootaa idileen duraa kennuun barnootaa idileef akka qophaa’an taasisuu barnootaa
sadarkaa 1ffaa akka xumuran tasiisuu
 Barnootaa fedhii addaa babal’isuu fi lammiin hundi mirga barachuu akka argatu taasiisuu
 Barnootaa ga’eessotaa qindaawaa gocha irratti xiyyeeffate babal’isuun lammiiwwan mirga barachuu
argachuudhaan beekumsaa fi muuxannoo argataniin teekinolojii ammayyaatti fayyadamanii jiruu fi jireenya
isaanii akka fooyyeffatan taasisuudha

2.2. Kallattii Karoorichaa

 Sadarkaa hundatti GQB ijaaramee jiru cimsuu karaa Geengoo fi Geengoo qofaan hojii hojjechuu.
 Karoora bifa hirmaachisaa ta’een qopheeffachuun, humni humnoota misoomaa sadan waliin bifa qindoomina
qabuun hojiirra oolchuu.

10
 Gamaaggama hojii M/Barnoota fi Barsiisoota kurmaana kurmaanaan gaggeessuun rakkoo ilaalchaa, dandeettii fi
dhiyeessi mul’atan maqsuun hojiin qabsoodhaan hogganamee karaa guutuu ta’een akka raawwatamu
xiyeeffannoon irratti hojjechuu.
 Hojiiwwaan karoora bara darbe harcaanii hafan bara kanaatti karoora keessa galchuun bifa guutuu ta’een akka
hojjetamu caasaalee sadarkaa sadarkaan jiran hunda qabsiisuun karoora hiixataa karooffachuun hojjechuu.
2.5.1. Hojiiwwan Ijjoo
I. GQBarnoota Manneen Barnoota Ijaaruu fi Hojiitti galchuu

Kaayyoo:Qabxiin Barataa hundaa kutaa hundaa keessattuu barumsaa hundaan 100 keessaa 50 fi isaa ol
akka galmeessan gochuu

Hojiiwwaan Ijoo Raawwataman Bulchiinsaa M/Barnoota waliin ta’uudhaan rakkoolee

 Qulqullina Barnootaa ,Ga’umsaa Keessoo Barnoota ,Waligitiinsaa fi Carraa Barnoota irratti karoorfatee
fooyya’iinsaa fiduuf ni hojjata
 Haala Qabxiin barataa itti fooyya’u qoratee hojiirraa oolcha
 Hojjiwwaan Qajeelfama Bulchiinsaa fi Hoggansaa Manneen Barnoota keessatti taa’ee irrattii ni hojjatu
 M/Baruumsaa fi Maatii walittii fiduudhaan rakkoo hojii barnoota keessattii qunnaman hikkaa deemu
 Hojiiwwan Hawaasaan hojjatamuu danda’an kan akka Daree Dabalata, Daree BID,Mana Jireenya
Barsiisota,Teessoo Barataa fi leecaloo gara gara m/b keessattii guutuu fi namusaa barataa fooyessuu
qabxiin barataa daran akka ol ka’u cimee karoora baafachuun kan hojjatuudha
A. Miseensaa GQB Damee Uummata
 Miseensaa GQB Barattoota Qaxalee M/Barnoota) kuta 5-8Dhi Dub Ida Garee(tuutaa)
 Miseensaa GQB Barattoota Qaxalee Daree kuta 5-8 Dhi___Dub___Ida Garee(tuutaa)
 Miseensaa GQBBu’uuraa Barattoota kuta 5-8 Dub Ida Garee(tuutaa bara 2013tti ijaaruun leenjii humna
raawwachiisummaa cimsu kennuufiin hojii keessa akka galan ta’ee jira
B. Miseensaa GQB Mootummaa
* Baayinaa Miseensaa GQB Barsiisaa Qaxalee Dhi Dub Ida garee (Tuutaa)____

* Baayinaa Miseensa GQB Muummee Barsiisoota Dhi Dub Ida garee (Tuutaa)

* Baayina Miseensaa GQB Bu’uuraa Barsiisoota Dhi Dub Ida garee (Tuutaa)

 GQB ijaaraman adda durootaan akka hogganaman gochuu.


 GQB humnoota sadanii walitti dhufeenya jiru cimsuun waldaalee hawaasaa waliin hojii qabatamaa
raawwachuu.
 Sirna deeggarsaa fi hordoffii itti fufiinsaan diriirsuun bu’aalee garee misooma barnootaa madaalaa deemuun
cimina fi hanqina adda baasuun kallatti kennaa deemu

11
Tooftaa Raawwii

 Hojiilee hunda karaa GQB’n hojjechuu.


 Qindoomina damee sadeeniin hojiiwwaan hojetamuu isaanii qabatamaan madaalaa deemuu.
 Humna raawwachisummaa hoggansaa fi raawwattootaa cimsuun leenjii ilaalchaa jijjiiruu fi gahumsa cimsuu
kennuu.

Bu’aa Eegamu:

 Aadaa waliin hojjachuu gabbataa dhufuu.

 Miirri wal-dorgommii raawwatoota gidduutti uumamu.

 Muuxannoo walirraa fudhachuun raawwii hojii fooyya’u.

 Kaka'umsaa fi kutannoo hojii dabalu.

 Rakkoolee ilaalchaa maqfamee fi hubanoo dhimmamtootaa bal’atu.

2.5.2. Hojiiwwan Gurguddoo


I . Carraa Barnootaa Walgitiinsa Qabu Babal'ate
Bu'aa: Lammiilee carraa barnootaa walgitiinsa qabu argate
Kaayyoo waliigalaa
 Sagantaa barnoota idileen duraa karaa adda addaan diriirsuun manneen barnootaa hunda keessatti akka
hojiirra oolu gochuu.
 Hirmaannaa daa’immanii guddisuun barnootaa sadarkaa 1 ffaatiif galtee akka ta’an gochuun amaloota
lammummaa fi amala gaariin akka ijaaraman taasisuun mirkaneessuu
 Barreessuu fi dubbisuu barattootaa sadarkaa kutaalee gadi jiran akka fooyyeessan gochuun dandeettiin waa
hubachuu daa’immanii akka cimu taasisuu
 Firii qorumsa barnootaa kan naannoo kutaa 8ffaa bifa fooyya’insa qabuun akka ol- guddatu taasisuu
 Sagantaa BBG diriirsuun ga’eessota dandeettii dubbisuu, barressuu fi shallaguun isaanii mirkaneessu.
1.1. Dhaabbilee Barnootaa babal’isuu
1.1.1. Barnoota Sadarkaa 1ffaa
Galma 1:Daa’imman umriin isaanii waggaa 4-6 ta’ee sagantaa Barnoota Idilee Duraa(BID)tiin mana barnootaa
hunda keessatti akka baratan tasiisuun barnoota idileef qopheessaa deemuun

Manii(targets) :

12
Galma 2: Carraa Barnoota sadarkaa 1ffaa babalisuun lammiin hundii akka barumsaa argatu tasiisuu.
Maniiwwan (targets) Hirmaannaa Barattoota Sadarkaa 1ffaa Dabaluu.
A. Hirmaannaa Barattootaa kan manneen barnootaa

M/Barnoo
Karoora Hirmanaa Barattoota bara 2015
BID Umri- Kuta1 Kuta 2 Kuta 3 Kuta 4 Kuta 5 Kuta6 Kuta1- 6 Kuta 7 Kuta8 Kuta 7-8 Kuta 1-8
7

Dhi Du Dhi Du Dhi Du Dhi Du Dhi Du Dhi Du Dhi Du Dhi Dub Dhi Dub Ida Dhi Du Dhi Du Dhi Du Ida Dhi Du Ida

M/B Culul 01 55 45 65 50 75 63 117 125 129 119 115 82 76 664 58 45 560 498 105 69 54 58 36 127 90 217 687 588 1275
8

M/B Culul 02 30 30 40 35 59 49 99 87 82 60 68 58 46 41 34 23 388 31 701 43 28 42 26 85 54 139 473 367 840


3

M/B Culul 25 2 34 30 52 61 100 76 55 69 111 58 38 35 29 23 385 322 707 31 22 27 16 58 38 96 443 360 803
04 0

M/B Warsii 30 30 45 33 67 53 74 41 27 38 50 22 17 19 15 10 250 183 433 0 0 0 0 0 0 0 250 183 433

M/B 20 15 25 25 50 47 52 48 84 62 49 53 58 56 35 21 328 287 615 0 0 0 0 0 0 0 328 287 615


Dhummuuga
a

CRC 16 140 209 173 303 273 442 377 377 348 393 273 235 215 171 122 191 160 351 135 102 110 73 270 182 452 2181 1785 3966
0 1 3 4

13
Tooftaalee RaawwiiBarnoota Waliigalaa
Carraa barnoota walgitiinsa, qulqulinaa fi ga’úmsa qabu waliin ga’úun galma MDG 2 ffaa milkeessuuf tarsimoowwan
raawwii hojii gurguddoo armaan gadii fayyaadamu qabna:
 Barnoonnii idilee duraa barnoota idiileef barattoota qophesuuf ga’ee olaanaa qaba. Kanumarraa ka’uun 2014 kessattii xiyyefannaa
addaa kennameen tarsimoo caraa BID ittii babal’achuu danda’uu kan akkaa KG fi M/b sad.1ffaa kessattii Zeeroo claas qophessuu
hojirra olchuudha
 Barnoota Idilee duraatiin dhiheessii gahee mootummaa guddisuun manneen barnootaOolmaa Daa’immanii
banuu.
 Hirmaannaa maatiin barachuu barattootaa (Daa’immanii) irratti qaban babal’suu, (Parental Education)
 Hawaasni Barnoota Idilee duraa Daa’imman hundaf (Daa’immanFedhii addaa dabalatee) hubannoo gahaa sirna
ittiin Cimsatan diriirsuun irratti hojechuu

Walgitiinsa Eegsisu
 Garaagarummaa koorniyaa barnoota keessaatti sadarkaa hundaatti mul’atu dhiphisuun walgitiinsa
mirkaneessuu

Hojiiwwaan Raawwataman:

 Hirmaannaa dubartootaa koreewwan mana barumsaa adda addaa Ijaaruu.


 Hirmaanna barattoota dubaraa hoggansa daree fi gumiiwwan adda addaa kessatti ijaaruu.
 Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa (1-8) bara 2014tti mana fincaanii koorniyaan addaan bahee qaban 6 keessa 2
irraa bara 2015tti gara 6tti ol guddisuu.
 Reetii irradeebii barattootaa kornayaa lamaaniin sadarkaa hundatti bara 2015tti 0%tti gadi buusuu.
Tooftaa Raawwii
 Dhimma Kornayaa hojii barnootaa hunda keessatti idileessuu.
 Galmee mana manaa kornayaan adda baasuun qindoominaan gaggeessuun ijoollee fi ga’eessota carraa barnootaa hin
argatin jiran adda baasuun barnoota qopheessuu,
 Gumii shamarranii MB keessatti cimsuun barattoota dubaraaf tajaajila gorsaa fi qajeelcha kennuu
II. PMQB (Qulqullina Barnootaa.)
Bu’aa Tarsiima’aa : Lammii dorgomaa ta’e uumame

14
2.1. Misooma Barsiisotaa
Lakk. barsiisota ga'umsa barbaadamu guutanii sadarkaa 1ffaa 2014ttii xiqqaa ture bara 2015tti gara 50 %.

 Hira barataa gara barsiisaa bara 2014sadarkaa 1ffaa ___, irra turee gara ___ irraan ga’uu,
Manii 2014 Dhibbantaa Barsiisota Istaandaardii Guutanii

 Digrii Dhi 1 Dub 0 Ida’a 1


 Diploomaa Dhi 35 Dub 12 Ida 47
 Seertifikeeta(BID) Dhi 11 Dub 1 Ida 12
Karoora Qaxaarii Barsiisota bara 2014akka CRC Cululitti Barbaachisuu ilaalchisee

Baayina Barsiisa Gosaa Barumsaan


Gosaa Barumsaa
Raawwii 2014 (%) Karoora 2015(%)

BID Dip Dig Ida Dip Dig Ida

Engilish 0 0 0 0 6 2 8

A/Oromoo 0 3 1 4 4 0 4

S/Umamaa 3 12 0 15 2 3 5

Herreega 1 4 0 5 4 4

S/Hawaasa 5 7 0 12 1 2 3

Ida’ama 9
13 11 24
26 1 36

Misooma Barnoota Herreegaa fi saayinsii

15
• Barnoota saayinsii fi Herrgaatiin sirna baruu barsiisuu barataa irratti xiyyeefate gochaan deegarame gochuuf
dandeettii barsiisotaa itti fufinsaan ijaaruu.

• Sirna sissi’eessituu Barnoota Herreegaa fi saayinsii irratti bu’uurefate diriirsuu hojiirra oolchuu

Tooftaalee Raawwii

 Fooyya’insa Dagaagina ogummaa qorannoo irratti bu’uurefate itti fufinsaa fi qulqullina qabu hojiirra oolchuu
 Sadarkaa Guddina barsiisotaa gahumsaa fi firii barataa irratti kan bu’urefate akka ta’u qajeelfamaan cimsuu fi
mirkaneessuu
 Sadarkaa hundatti barsiisota gahumsi ogummaa isaanii mirkanaa’een hojii baruu barsiisuu akka geggeeffamau
taasisuu
2.2 Fooyya’insa Manneen Barnootaa SIP).
 Sagantaa fooyyaínsa manneen barnootaa (SIP) ciminaan hojii irra oolchuun manneen barnootaa haala baruuf
barsiisuun mijataa fi hawwataa taasisuun:
 Galii hirmaannaa uummataa irraa argamu bara 2014tti humnaan, akaakuu fi qarshii callaan argame dachaan
guddisuu.
Tooftaa Raawwii
• Manneen barnootaa hojii misooma barnootaatiif istaandaadii MB irratti bu’uureefatee baajata horachuu akka
danda’uuf hirmaannaa Hawaasaa fi maatii guddisuu

• Tarsiimoo muuxannoo gaggaarii argaman qindeessuu fi babal’isuun, karoora fooyya’iinsa MB, hojiira oolmaa fi
madaallii(gamaagama) hojii baruu barsiisuu gaggeessuu fi cimsuu

• Faasilitiiwwan manneen barnootaa barattoota dubaraa fi fedhii addaa ilaalcha keessa galchuun mijeessuu

Qorumsaa fi Madaallii Barnootaa


• Kuusaa gaaffiilee sirna madaallii barnoota fedhii addaa hammate qopheessuu

• Kuusaa gaaffilee barnoota sadarkaa olaanaatti sammuu madaaluu fi sadarkaa isaa eegate qopheessuu

• Sadarkaa hundatti madaallii barnootaa sadarkaa isaa eegate qorannoo gaggeessuun gabaasa isaa qabxii
barattootaa foyyeessuuf fayyadamuu

• Madaallii qapxii barattootaa keesatti teeknolojii hammayyaatti fayyadamuun tattaaffii fi waliin gahiinsa isaa
mirkaneessuu

16
2.3. Sagantaa Fooyya’iinsa Sirna Barnootaa
 Sirni barnootaa idilee duraa qulqullinni fi sirrummaan isaa kan mirkanaa’ee fi Daa’immaniif guddina sammuu
fi qaamaa gabbisuu akka danda’utti qopheessuu

 Meeshaalee deggersa barnootaa fi kitaabilee wabii hojiirra oolmaa sirna barnootaaf deggran dhiheessuun
hojiirra oolchuu.

 Haala qophii sirna barnootaa sadarkaa 1ffaa fi BID wal-simsiisuu.

 Qophii/Foyya’insa sirna barnootaa keessatti Dhimmamtoota hunda hirmaachisuu.

 Qophii fi foyya’insa kitaabilee sad.1ffaa fi qophii barnoota raadiyoo walsimsiisu.

2.4. Barnoota Lammummaa fi Amala Gaarii


• Barnoota lammummaa fi amala gaarii sadarkaa hundatti kennamu keessatti barattootni yaadaa fi aadaa sirna
dimokraasii gabbifatanii aantummaa biyyaa fi uummataa akka qabaatan fi olaantummaa heeraa fi seera
biyyatti akka amanan gochuu.

• Raawwii sagantaa barnoota lammumaa fi Amala Gaarii yeroo yeroon haala hojiirra olmaasaa sakatta’uun foyy
esaa fi qajeelchaa deemuu
• Gumii BLAG manneen barnootaa hunda kessattii akka dhaabatuu gochuu

• Manneen barnootaa hunda kessattii Mana marii barattootaa akka hundaa’uu fi barattoonnii adaa dimokraasii
akka dagagsan taasisu

2.5. Teeknolojii fi Qunnamtii Odeeffannoo Barnootaa (ICT)Barnoota


• Sagantaa Barnoota Raadiyoo sadarkaa 1ffaa (audio visual) tti fooyyessuun dhiheessuu
3 Gahumsa Keessoo Barnootaafooyyassuu.
Bu’aa :- Qisaasina Leecaalloo fi humna namaa xiqqate (Educational wastage)
Harcaatii fi Irra deebii Barattootaa Xiqqeessuu

17
1. Harcaatii barattootaa xiqqeessuun:.

2. Irra deebii Barattootaa xiqqeessuun:

3.Qabxii darbiinsa barattoota sadarkaa hundaan fooyyessuu.

Tooftaalee Raawwi

TMGB-PMQB hojii irra oolchuun muuxannoo gaggaarii bara 2014tti argame manneen barnootaa biroo keessatti
babalisuu.

 Hirmaannaa uummataa daran cimsuun manneen barnootaa barattootaaf hawwataa fi mijataa taasisuu,
 tarsiimoo harcaatii barataa Xiqqeessuu akka naannootti qophaa’ee hojjiira olchuun itti fayyaadamu..
Sagantaa tutoriyaalii iddoo hundatti sadarkaa hundatti diriisuu

Kutaa III
3. Xumura
3.1. Rakkoolee Quunnamuu Danda’anii fi Yaada Furmaataa
3.1.1. Rakkoolee Quunnamuu Danda’an
 Hubannoo walfakaataa si’a tokkotti dhimmamtoota hunda biraan gahuun waan hin danda’amneef rakkoo
ilaachaa fi hubannoo uumamuu danda’a.
 Baajata barbaachisu yeroon argachuu dhabuu mala.
 Meeshaalee hojii kanaaf barbaachisan yeroo karoorfametti dhiyaachuu dhiisuu danda’a.
 Humni madaallii gochaa barsiisotaa gaggeessan xiqqaachuu danda’a.
3.1.2. Yaada furmaataa
 Baajatni akka ramadamuu fi yeroon akka gadi dhiisifamuu qaama ilaalu waliin marii gochuu.
 Meeshaaleen barbaachisan yeroon akka bitaman qaama dhimmi ilaalu wajjin hojjechuu.
 Humna madaallii gochaa gaggeessan marsaan fayyadamuu.
3.2. Sirna Horddoffii fi Madaallii

 Hojiiwwan bara 2015 hojjatamuuf karoorfaman haalli raawwi isaanii kan madaalamu Sirni hordoffii fi
madaalliin armaan gadiitti fayyadamuu dhaan ta'a.

 Gabaasa sagantaa idileen qaama ilaaluuf dhiyeessuun,

18
 Madaallii bu'aa dhaabilee gaggeessuun sadarkeessuu,
 Supparviizyinii Torban Torbaniin gaggeessuun,
 Gamaaggama raawwii hojii ji'aa fi kurmaanaan gaggeessun,
 Gamaaggama hojii oolmaa guyyaa GQB n gaggeeffamuui fi kkf ta’a
 . Sagantaa Raawwii Hojii Gurguddoo Kurmaanaa fi Ji’an
T.L Hojii Hojjetamu Kurmaana
Kur1 Kur2 Kur3 Kur4
A H F O S M A G B E C W
1 Galmee Mana Mana M/Barnoota CRC Culul jala jiru gaggeesu X
2 Konfaaransii Ummaata Araddaa Haqabaasii fi Wajjinjireenyaa keessatti gaggeessuu. X X
3 Gaalmee idlee M/Barnootan gaggeesuu X X
4 Leenjii Barsiisota M/Barnootan gaggeesu fi hordoofuu X
5 Hubbaanoo GQB irraatti Barsiisota fi Barattootaf kennuun ijaarsaa gaggeesuu X X
6 Barattoota haala dandeettii isaanii addaan baasuun titooriyaalii akka kennamu tasiisuu x x
7 Baratootnnii Kutaa 1-2 Baatii lamaan Onkooloolleessaa Sadaasaa dubbisuu fi Shallaguu akka
danda’an xiyyeeffannaan irratti hojjechuu x x X
8 Manneen barnootaa hunda keessatti mana dubbisaa fi mana yaalii (Saayinsii Kiitii) banuun
barattoonni akka itti fayyadaman taasisuu. X X X X X X X X X X X X
9 Barattoota qabxii olaanaa galmeessuu danda’an ammarraa addaan baasuun
X X X X X X X X X X X X
deeggarsa addaa kennuu.
10 Bakka Bu’aa Barattoota M/Barnoota kuta 5-8 keessatti akka filatamu gochuun
X X
hojjitii naquu
11 Paarlama Barattoota akka M/Barnoota keessatti akka gurmeesuun karooran akka
X X
hogganaman taasiisuu
12 Gabaasa M/Barnoota qulqullinaan yeroon qopha’uu
x X X X X X X X X
13 TMG M/Barnoota keessatti babalisuun hojjirra oolchudha
X X X X X X X X
14 Kuta 1-4 Barsiisota Qaxalee Ramaduun dandeettii Dubbisuu,Barreessuu fi
x X X X X X X X X X
Herreeguu barattootaa fooyyessuuf Ramaddii raawwatamee M/B Sakata’un
hanqina jiru yeroon sirreessuu
15 Odeefannoo Barnootaa Qulqullinaan qopheessuu
X X X X X X X X
16 Faaslitiwwaan M/barnootaaf Barbaachiisan Hawaasaa Mariisisuun akka guutamu
X X X X X X X X
taasiisuu
17 Gumiilee M/barnoota keessattii hundeeffaman sochii isaan taasiisaa jiran hordofuu
X X X X X X X X

19
18 Meeshaalee Riifoormii bulchiinsa gaarii hojiirra oolan
X X X X X X X X
19 Barattootaa Shamaraniif Deegarsii akka kennamu tasiisuu
X X X X X X X X
20 Gummii Shamaranii M/Barnootaa keessatti hundeesuun Barmaatilee
X X X X X X X X
Dubartootarratti dhibaa fidaan akka hubnaatan tasiisuu

HORAA BULAA

20
21
22

You might also like