You are on page 1of 17

Kutaa Sadii

2. Karoora Waggaa Kudhanii Misooma Sektera Barnootaa

2.1. Ka’umsa Karoora Misooma Barnootaa

Karoorri kun badhaadhina:- Sadarkaa amma irra geenyetti fedhiin murteessaa uummata keenyaa
badhaadhina waan ta’eef lamiileen dandeetti kuufamaa qaban baasanii itti fayyaddamuu kan
dandeessan keessaa tokko barnoota waan ta’eef,xiyyeeffannaan irrattihojjechuun,rifoormiiwwan akka
biiyyoolessaatti gaggeeffaman, qorannoowwan yeroo adda addaa barnoota ilaalchisee raawwataman;
Fedhii badhaadhina jiru; Imaammataaf tarsiimowwan hojii irra jiran; Ragaa CSA,Gamaggama Raawwii
Karoora W-5 ka’umsa godhachuun kan qophaa’edha.

2.2. Amala Adda Karoorichaa

Karoorri kun rakkoo barnoota keenyaa dhimmoota turan kan adda baasee fikana keessattiis ga’ee
guddaa kan qabu dhimma qulqullina barnootaa mirkaneessuuf lddoo ol’aanaa kan kenned ha.Haala
kanaan ga’umsaa fi naamuusa barattootaa fooyyeessuun xiyyeeffannaa addaan kan hojjetamu
ta’a.Dhaabbileen barnootaa keenya baay’eeniis istaanaardii gadi irra waan jiraniif hunda isaanii gara
istaandaardii guutuutti fiduun yeroo kamiyyu caalaa kaan hojjetamu ta’a.dabalataaniis haala yeroo
waliin deemuun akka danda’amu, teekinooloojii madaqsuun karaa baasii fi yeroo qusateen dabalata
carraa jireenya lammiiwwaan keenyaa balisuuf afaanoota dabalataa barsiisuunii fi barnoota umurii
guutuu life-long learning & diversified mode ofdelivery) barachuun karoora kana keessatti xiyyeeffannaa
aargataniiru.Akkasumas istaandaardoota barnootaa guutanii argamuunii fi hojiwwan dhaabbilee
barnootaa keenya keessatti hojjetamaniif sirna gaafatamuummaa cimsuun karoora kana keessaatti
addaatti ka ilaalamanidha.

2.3. Mul’ata, Ergamaa fi Duudhaalee

Mul’ata: ‘’Lamiilee dandeettii, naamuusa, jaalala hojii fi biyyaa qabu bara 2017tti horatamee arguu’’

Ergama: Carraa barnootaa walgitiinsi, qulqullinnii fi ga’umsi isaa mirkanaa’e’ sagantaa idilee fi al
idileetiin babal’isuun dhaabbilee barnootaa keessatti aadaa dimookiraasii fi bulchiinsa gaarii
dagaagisuun human namaa baratee hiyyummaa seenaa gochuu danda’u horachuu

Soonawwan:

 Gaafatamummaa /Responsibility/

 Hirmaachisummaa /Participatory/

 Bu’a qabeessummaa /Effectiveness/


 Fakkeenyummaa /Examplary/

 Kutannoo /Commitment/

 Iftoomina /Transparency/

 Qulqullina /Quality/

 Kalaqa /Innovation/

2.4. Kaayyoo Gooroo fi Gooree

Kaayyoo Gooroo

Sekterri Barnootaa karoora waggaoottan 10 dhufaniif keessattti,biyyi keenyabiyyoota galiin isaanii


giddu galeessaa, irra jiran biraan gahuf, galmawwaan gurguddoo taa’an galmaan gahuuf kan
dandeessisu, human namaa gahumsaa fi dandeettii kana qabu bay’inaa horachuun, hoggansa
sadarkaan jiruu cimsuu fi bifa gurmaa’een carraa barnootaa walgitiinsa qabu, qulqullinaa fi gahumsi isaa
mirkanaa'e babal’isuun lammii beekumsa, dandeettii fi ilaalcha misomaawaa gonfatee sochii guddina
misooma biyyaa keessatti shoora ol'aanaa taphachuu danda’an imaala badhaadinaa biyyaa galmaan
gahuu danda'u horachuu.

Kayyoo Gooree

Rakkoolee lakkoofsa 1-11 fuula 35 irratti tarreeffaman,sirna barnoota keenya gahoomsuun,dhiyeessiin


kitaaba barataa fi sirni bulchiinsaa fi itti fayyadamni isaa waggaa 10n booda 100% hojirra oola.
Akkasumas dhiyeessii barsiisootaa 100%tn gahuun gahumsii fi naamuusni barattootaa fi barsiisoota
keenyaa 85% hojirra ni oola.Istaandaardii manneen barnootaa fooyyeessuun dhiyeessii ICT barnootaa
guutuun, hirmaannaan barnoota idilee duraa 100% fi Kan fedhii addaa kutaa 1-12tti 20% irraan ni
gahama.Kan barnoota ga’eessotaa qindawaa gocha irratti xiyyeeffate 100% irraan gahuudha.

Haaluma wal fakkaatuun ijaarsa pirojektoota barnootaa daree O –class-6,320,Ijaarsa Mb sad1ffaa


3,080,Ijaarsa Mb sad2ffaa522,suphaa fi haaromsa Mb sad2ffaa 989 fi KBB (4) gara yuunvarsiittiit ol
guddisuu, harcaatii barattootaa gara 1%tti gadi buusuun, caasaalee ogeeyyii fi hoggansa barnootaa
407,293 ol guddisuu firamaddii faayinaasii Barnootaagama mootummaattiin 86.6%n ramaduun kan
hojiirra oolu ta’a

Haaluma Kanaan Karoora Waggaa 10 (2013-2017) kana keessatti bu’awwaan human namaa gahumsaa fi
dandeettii qabu baay’inaan horachuun lammii ilaalcha biyyoolessuummaa qabuu fi beekumsa qabu
goonfachiisuun imala badhaadhina biyya keenyaa galmaan gahuu danda’u oomishuu fi biyya keenya
biyyoota galii giddugaleessaa irra jiran biraan gahuuf hojjechuu.
2.5. Toora Xiyyeeffannoo Koroorichaa.

Karoori kun haala rakkolee barnootaa hiikuu danda’uun irratti hundaa’un kan qophaa’ee fi qabxiilee
xiyyeeffannoo rakkoo barnootaa jedhamanii xiinxalamanii adda bahan irratti hundaa’uun kan
karoorfame dha.

Qabxiileen toora xiyyeeffannoo kunneenis:

1. Hoggansa Manneen Barnootaa Cimsuu

2. Sirna Barnootaa ga’umsa sadarkaa BBO fi biyyatti qophaa’uu hojiirra oolchuu

3. Fo’annaa fi Qophii Barsiisootaa jijjiiruu

4. Manneen Barnootaa baruu barsiisuuf Mijataa taasisuu

5. Carraa Barnootaa Wal gitiinsa irratti hundaa’e Babal’isuu

6. Gahumsa Keessoo Barnootaa fooyyeessuu

7. Barachuu Barattootaa fooyyeessuu

1. Galmawwan Gurguddoo Karoora Waggaa Kudhanii (2013-2017)

1.1. M/Hoggansa Manneen Barnootaa Cimsuu

Galma: 1.Hoggansa Manneen barnootaa istaandaardii guute.

 BID 0% irra ture, 25 % ga’e

 Sad.1ffaa 90 % irra ture, 95 % ga’e

 Sad.2ffaa 95% irra ture, 97 % ga’e

Galma: 2.Supparvaayizaroota Manneen barnootaa istaandaardii guute.

 Sad.1ffaa 100% irra ture, 100% ga’e

 Sad.2ffaa 100% irra ture, 100% ga’e

Galma:3.Hoggansa Manneen barnootaa madaallii geggeessummaa qabxii darbiinsaa ol ka’e guute.

 Sad.1ffaa 50.% gadi irra ture, 95 % ga’e

 Sad.2ffaa 50% gadi irra ture, 75 % ga’e

Galma: 4.Leenjii gabaabaa fi dheeraa humna raawwachiisummaa Hoggansa Manneen barnootaa


cimsuuf kenname.

 BID 45 % geessisuun hojirra oole,


 Sad.1ffaa 87.5 % geessisuun hojirra oole,

 Sad.2ffaa 84.25 % geessisuun hojirra oole,

 Hirmaannaa dubartootaa dura bu'aa fi suppervaayzeroota (sad.1ffaa fi sad.2ffaa) keessatti


giddugaleessaan % 12.5gadi % 40 irraan ga’uu

Tooftaalee Raawwii

• Hanqina dandeettii hoggansii fi ogeeyyiin barnootaa qorannoo leenjiin yeroo gabaabaa fi


dheeraa itti kennamu mijeessuu.

• Barsiisonni muuxannoo qaban haala gara hoggansa manneen barnootaatti dhufan mijeessuu fi
sadarkaa guddina barsiisotaa qopheessuu fi hojiirra oolchuu

• Ibsa gulantaa hoggansaa fi bulchiinsa barnootaa tarreeffama sadarkaa guddina, jijjiirraa, sirna
onnachiistuu diriirsuun haala bulchiinsa gaarii mirkaneessuu dandeessisuun hojiirra oolchuu.

• Dhaabbileen barnootaa, barattoota, barsiisootaa fi hojjettoota bulchiinsaa, sirna hojimaata


dijitaalaa diriirsuun tokkoo tokkoo isaaniif koodiin addaa akka kennamu taasisuu.

 Sirna raga odeeffannoo fedhii irratti hundaa’e diriirsuu;Sadarkaa hundatti hojimaata hojii
lakka’anii kennanii fi lakkaa’anii fudhatan hojiirra oolchuu

 Hammattoo seeraa, tarsiimoo, imaammataafi qajeelfamoota walqunnamtii dhaabbilee


barnootaa,mootummaafi dhuunfaa gidduu jiran hojii irra oolchuu;

 Hoggantonni manneen barnoota carraa barnoota argatanii sadarkaa isaanii fooyyefatanii gara
istsndarditti akka dhufan gochuun

 Sirna dhaabbilee barnootaa keessatti misooma bu’uuraafi galteewwan barnootaa


guuchisiisuudanda’u diriirsuufi hojii irra oolchuu;Teknoolojii barnootaa (Information communication
Technology; E-Learning, Digitalization)

 Hawaasa dhaabbilee barnootaa keessaa sadarkaa sadarkaan jiraniif leenjiifi barnoota walirraa
hincinne kennaafii, akkasumaas akka argatan taasiisuun ga’oomaa taasisuu;

1.2. Sirna Barnootaa Gahumsa qabu qophaa’e hojii irra oolchuu

Galma 1.Sirna barnootaa guutummaa guutuu; BID, sad, 1ffaa, sad2ffaa fi BGQGX qophaa’ee fi haaraa
qopaa’u hojii irra oole

Galma2. Kitaaba barataa sad.hundaa 1:1 ga’e

Galma3. Madaallii barattootaa kutaa 5ffaa fi isaa ol jiraaaniif oline akka kennamu ni godhama
Tooftaa raawwii

• Imaammata sirna barnootaa qophaa’een hojiirra oolchuun,Bu’uura Sirna barnootaa bocameen


seenduubee (profile) barattootaa qopheessuu,

• Imaammata barnoota Afaanii kan sadarkaa BBO ttin qophaa’ee hojii irraa oolchuu,

• Sirna barnootaa bifa haaraan fooyya’ee qophaa’u qabiyyeefi hojiirra oolmaanisaa seera
barnootaa keessa akka galu taasisuu,

• Sirna barnoota haaraa kan leenjii barnoota barsiiftotaa wailiin waliit hidhaminsa akka qabaatu
gochuu ,Maxxansaa fi raabsaa kitaabilee barnootaa fedhii(demand) irratti bifa bu’uureffateen akka
raawwatamu haala baramaa tuere sirreessuun sirna ittiin hojjetamu uumuu,

• Barnoota Afaanii dabalataan barnoota walmaddeessaa keessatti hammachiisuun kennuu,

• Sirna Hoj-maata sirna barnootaa fooyyessuun hojiirra oolchuu danda’an diriirsuu,Odeeffannoo


qunnamtii teekinolojii,-Learning,raabsaa kitaabilee barnootaa raawwachuuf soofti weerii ‘soft Ware’
traking fi tracing’ fayyadamuu

• Sirni barnootaa qulqullina barnootaa fiduudhaaf bu’uura waan ta’eef,sirna barnootaa keenya
kutaa 5-12ffaatti digiitaalaizeeshinii taasisuun barattoonni of danda’anii akka qormaata hojjetaniif irratti
ni hojjetama.

1.3. Fo’annaa fi Qophii Barsiisootaa Jijjiiruu

Galma-1.Dhiyyeessii barsiisoota fooyeessuun barsiisoota istaandaardii guute.

 Barsiisoota idileen duraa 5 irra ture,gara 23 irraan gahuu

 Barsiisoota Sada, 1ffaa (1-8) 131 irra ture,gara 225 irraan gahuu

 Barsiisoota sada, 2ffaa (9-12) 61 irra ture,gara 85 irraan gahuu

 Hirmaanaa Barsiisota Dubartoota % 42.87 ture gara % 58.33 irraan ga’uu

Tooftaalee Raawwii

 Yeroo yeroon hanqinaalee sakatta’uun human namaa guutaa deemuu,

 Baajeta dhimma kanaaf barbaachisu qama adda addaf dhiyeessuun mirkaneessisuu,

 Jijjiiraa fi ramaddii yeroon raawwachuu,Dandeettii huma raawwachiisummaa yeroo yeroon


kennaa deemuu,

Galma-2.Barsiisota Gahumsa ogummaa barsiisummaa qaban ol ka’e

 Dipploomaa gahumsi ogummaa isaanii qabxii darbiinsa 35 % ta’e


 Digirii gaumsi ogummaa isaanii qabxii darbiinsa 60 % ta’e

Galma-3. Barsiisota fedhii ogummaa barsiisummaa akka jaallatamuu fi filatam gochuuf gumii
barsiisummaa manneen barnootaa sada 1ffaa hunda keessatti dhaabu’uu

 Mannen barnootaa hunda keessatti gumii barsiisoota boruu 50 % ni horatama.

Galma-4.Humna raawwachiisummaa barsiisootaa cimsuuf,leenjii hojirraa gaggabaabaa fi dheeraan


kenname,

 Leenjii barsiisoota afaaniif 74 barsiisoota Ingiliffaa 75 barsiisoota herregaa 70 fi barsiisoota


sayinsiitiif 50 ni kennama.

1.4. Manneen Barnootaa baruu barsiisuuf Mijataa taasisuu

Galma:1.Manneen barnootaa idileen duraa,sad,1ffaa, fi sad 2ffaa istaandaardii bahee irratti hundaa’anii
barattoota simatan murteessuu

 Baay’ina daa’imman dhaabbilee barnoota idileen duraa tokko keessatti baratan 180 akka hin
caallee fi daree tokko keessatti daa’imman 30 akka hin caalle ni godhama.

 Sadarkaa 1ffaa baay’inni barattootaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa keessatti baratana 2000
kan hincaallee fi daree tokko keessatti 50 kan hin caalle ni godhama

 Sadarkaa 2ffaa baay’inni barattootaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa keessatti baratana 2000
kan hincaallee fi daree tokko keessatti 40 kan hin caalle ni godhama

Galma:2 Faasiliitiin bu’uuraa manneen barnootaa hin qabneef akka guutamu ni ta’a

Tajaajila mana Fincaanii guuttatan

 Sad.1ffaa 90% irra ture,100% irra ga’e,

 Sad.2ffaa 85% irra ture,100% irra ga’e,

Tajaajila Bishaan dhugaatii guuttatan

 Sad.1ffaa 85.71% irra ture,100% irra ga’e,

 Sad.2ffaa 100% irra ture,100% irra ga’e,

Tajaajila Ibsaa guuttatan

 Sad.1ffaa 85.71% irra ture,100% irra ga’e,


 Sad.2ffaa 66.67% irra ture,100% irra ga’e,

Galma: 3.Manneen barnoota dullooman sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa akka waliigalaatti 5ni suphamu

Galma:4.Sadarkaa Gulantaalee M/B gulantaa 1ffaa 2ffaa foyyeessuun gara 100%tti guddisuu fi gulantaa
3ffaa 35 %fi 4ffaa 20% irraan gahuu

Galma:5. Hirmaannaa Maatii fi hawaasaa guddisuun 788,149 gara 3 mil tti guddisuu

Tooftaa Raawwii

• ;Humna Qaama hundaan jiruun fayyadamuun Manneen Barnootaa hundaa sadarkaa isaanii kan
eggatan taasiisuu.

• Faasilitiiwwan keessoo Manneen Barnootaa guutuu Tekinoolojii Barnootaan qaqabamaa


taasisuu.

• Abbuummaa Manneen Barnootaa Hawasaa cimsuu;Qajalfamoota qulqullina Barnootaaf


gumaachan bahaan hojiirra oolchuu;

• Manneen Barnootaa haaraa ijaaraman istaandaardii isaanii kanneen guutatan taasisuu.

• Dhaabbilee barnootaa rakkoowwan bu’uura misoomaa fi galteewwan barnootaa qaban addaan


baasuun deeggaruu; badii uumamuufis akka itti gaafataman taasisu

1.5. Carraa Barnootaa Wal gitiinsa irratti hundaa’e Babal’isuu

Galama 1. Dhaabbilee Barnootaa Qaqabamaa gochuun babal’isuu

 BID bara 2012 tti 40 irra kan ture, bara 2017 tti 50 irraan gahuu

 Sad.1ffaa bara 2012tti 24 irra kan ture, bara 2017 tti 30 irraan gahuu

 Sad, 2ffaa bara 2012 tti 3 irra kan ture, bara 2017 tti 5 irraan gahuu

Galma 2. Hirmaannaa Barattootaa

 BID bara 2012tti 4,760 irra kan ture, bara 2017 tti 6,868 irraan gahuu
 Kutaa.1ffaa bara 2012 tti 1,676 irra kan ture, bara 2017 tti 3,753 irraan gahuu

 Sad1fffaa kutaa 1-6 bara 2012 tti 6,831 irra kan ture bara 2017 tti 10,023 irraan gahuu

 Sad1fffaa kutaa 7-8 bara 2012 tti 1,434 irra kan ture,bara 2017 tti 2,549 irraan gahuu

 Sad1fffaa kutaa 1-8 bara 2012tti 8,635 irra kan ture,bara2017 tti 12,757 irraan gahuu

 Sad,2ffaa kutaa 9-12 bara 2012 tti 2,698 irra kan ture, bara 2017 tti 3,790 irraan gahuu

Hirmaannaa Barattoota bara 2013 hanga 2022

Lakk Kutaa Baroota Raawwii

Ka’umsa

2012 Manii

2022 2013 2014 2015 2016 2017

1 BID(o’class)KG 4,760 8,975 4,760 5,247 5,934 6,340 6,987

2 1ffaa hunda 1,676 5,830 2,148 2,860 3,245 3,684 4,125

3 1- 6 ffaa 7,201 13,215 8,242 8,876 9,462 10,170 10,980

4 7-8 ffaa 1,434 3,664 1,523 1,684 1,847 1,966 2,156

5 1-8 ffaa 8,635 16,879 9,765 10,560 11,309 12,136 13,136

17 9-12 ffaa 2,698 4,882 2,698 2,986 3,567 3,848 4,022

18 1-12 ffaa 11,333 21,761 12,463 13,546 14,876 15,984 17,158

19 BID-12 ffaa 16,093 30,736 17,223 18,793 20,810 22,324 24,145

Galma 3.Pirojektoota Barnootaa

 Ijaarsa haara daree BID 5 raawwachuu,

 Ijaarsa mana barumsa sadrkaa 1ffaa 2 raawwachuu,


 Ijaarsa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa 1 hojjechuu,

 Suphaa fi haaromsa MB sad,2ffaa 1 raawwachuu,

 Suphaa fi haaromsa MB sad 1ffaa 3 raawwachuu,

 Mana barumsa addaa 1 hundeessuu,

 Mana barumsa Otimizii fi rakkoo wal xaxaaa (1) ijaaruu

Tooftaalee Raawwii

 Manneen barnoota CRC qooddachuun yeroo yeroon hordofuu,

 Mahaandisootaaaf rammaddii hordoffii pirojektootaa kennuu,Konterkteroota waliin yeroo


yeroon marii geggeessuun kallatti kaa’uu

 Madaallii fi hordoffii cimaa ta’e gegeessuu,Gamaaggama kurmaana kurmaanaan geggeessuu

 Pirojektoota barnootaa akkaataa taa’ameen yeroo jedhame keessatti akka xumuramuuf


konteraakteroota rakkoo qaban irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu.

Galma 4. Walgitiinsa Barnootaa Mirkaneessuu

 Walgitinsa Koorniyaa (GPI) akka Bu/Magaalaatti Reetii Hirmaannaa Qulqulluu giddugaleessaan


0.87 irra ture gara 0.90 irraan ga’uu fi Reetii Hirmaannaa Dilboo giddugaleessaan 0.85 irra ture gara
0.96 irraan ga’uu

 Hirmannaa Dubartootaa Barattoota Ga'eesootaa keessatti%25 ture % 40 irraan ga’uu

Tarsimoo Raawwii

• Maatiin mada galii xiqqaa qaban ijoollee isaani gara mana barumsaatti akka ergan deeggarsa
taasisuu. Baay’inaa fi facaatii manneen barnootaa (School Mapping) bu’uura gochuudhaan walgitiinsa fi
dahqqabamaa taasisuu.

• Sagantaa barnoota filannoo adda addaawiixinnuudhaan carraa barnootaa fi walgitiinsa


qabatamaa taasisuu.

• Carraa barnootaa fi walgitiinsa bu’aa qabeessummaa gochuufi hirmaannaan dhimmamtoota


guddisuuf tarsiimoo adda adddaa diriirsuu.
• Barattoota fedhii addaa qabaniif akkaataa dandeetti fi feedhii isaanitiin keesumeessuu haala itti
dandeesisuun barsiisotaaf leenjii kennu.

• Galmeefi simannaan barattootaa sagantaalee hundaaf gabatee yeroo (Schedule) eegee akka
raawwatuu qindoomina hoggansaafi hawaasa barnootaan hordoffii taasiuu,

• Hirmaannaan abbootii qabeenyaa dhuunfaa akka dabalu taasisuun wal gitiinsi akka sirraa’u
taasisuu,

• Dhaabbilee barnootaa haala baay’ina barattoota irratti hundaa’uun babal’isuun barattoota


fedhii addaa qaban akka isaaniif mijatuu danda’utti ijaarsisuu,

Manneen barnoota dhuunfaa immaammataa fi qajeelfama barnootaa irratti hundaa’uun isaa deggeruun
carraan barnootaa akka babal’atu taasisuu,Barnoota shamarranii deggersa addaa kennuun rakkoo
isaanii qorachaa deemuun akka isaan hin harcaane taasisuu.

Galma:5. Ga’eessoota waggaa 15-60 jidduu jiran barsiisuun reetii litireesii --- irraa gara --------- ol-
guddate.

Galma: 6.Ga’eessoota 4,302 ta’an teekinooloojii haaraatti fayyadamuun jiruu fi jireenya isaanii ni
fooyyeeffatu

Tooftaa Raawwii

• Sagantaan barnoota ga’eessotaa sagantaa misooma seektara barnootaa(ESDP)keessatti


hammachiisuu,

• Manneen barnootaa,gandootaa fi zooniiwwaan bakka barnoonni ga’eessotaa keessatti


barnootnni akka kennamu taasisuu,

• Gandoota keessa ogeeyyiin ekisteenshinii fayyaafi misooma qonnaa fayyadamuun akka barsiisan
taasisuu,Barnoota umurii guutuu (life long education) sirna barnootaa waliin wal simsiisuun (integrated)
gochuun hojirra ni oola.

 Caasaalee barnoota al idilee hunda irratti humna namaa leenjii gahaa qabu akka ramadamu
taasisuu, kana malees sagantaa leenjii gaggabaaboofi hojii irraa itti fufiinsaan hojiirra kennuun haala
yeroo waliin gahoomsaa adeemuu

 Hojimaata dhaabbileen barnoota olaanoofi manneen hojii ittiin fedhiifi leenjii ogeeyyii BAI
walsimsiisuuf waliin hojjetan diriirsuun leenjii itti fufiinsaafi qulqullina qabu argachuu danda’an uumuu

 Manneen hojii (Seektara Barnoota, qonnaa, fayyaa, dhimma dubartootaa, daa’immaniifi


dargaggootaa fi kkf) hojiirra oolmaa barnoota ga’eessotaa irratti hirmaatan adeemsa raawwii
sagantichaa irratti gaafatamummaa waloofi dhuunfaa ifa ta’e akka qabaatan taasisuu’
 Dhaabbilee mootummaa, deeggartoota misoomaa, waldaalee hawaasaafi dhaabbilee dhuunfaa
gidduutti gamtaa cimaafi dhaqqbamaa ta’e uumuun hojiirra oolmaa sagantaa barnoota ga’eessotaa
keessatti gahee isaanii akka bahatan taasisuu.

 Meeshaaleen barnootaafi barreeffamoonni adda addaa barnoota ga’eessotaa gaggeessuf


barbaachisan, kitaabileen wabii, qajeelfamni haala mijeessitootaa, barreeffamoonni irraa baratanfi kkf
qopkaa’an hojiirra kan oolan ta’u.

 Iyyaafannoofi cehumsi hirmaattota barnoota ga’eessotaa qorumsawaan gochaa, barreeffamaafi


afaanii walitti fufiinsaan kennaman irratti kan hundaa’u ta’ee ga’umsa isaanii madaaluufi deeggaraa
adeemuu irratti kan xiyyeeffatu ta’a.

 Sagantaalee barnoota ga’eessotaa karaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf hojiin
qorannoofiqo’annoo dhaabbilee barnoota olaanoofi dhimmatoota waliin ta’uun kan gaggeeffamu ta’a.

1.6. Gahumsa Keessoo Barnootaa fooyyeessuu

Reetii Harcaatii

 Kutaa.1ffaa bara 2012 tti 1% irra kan ture, bara 2017 tti % 0.7 tti gad buusuu

 Sad1fffaa kutaa 1-8 bara 2012 tti 0.99 % irra kan ture, bara 2017 tti 0.7% gad buusuu

 Sad,2ffaa 2012 tti-1.5 % irra kan ture, bara 2017 tti 1.15 % gad buusuu

Reetii Xumuraa

 Reetii xumura Kutaa.4 ffaa bara2012 tti __% irra kan ture, bara 2017 tti 98 % tti ol guddisuu

 Reetii xumura kutaa 8ffaa bara 2012 tti __% irra kan ture, bara 2017 tti 96 % ol guddisuu

Reetii Irra deebii

 Kutaa.1ffaa bara 2012 tti __% irra kan ture, bara 2017 tti 3% tti gad buusuu

 Sad1fffaa kutaa 1-8 bara 2012 tti ---% irra kan ture, bara 2017 tti 0.7 % gad buusuu

 Sad,2ffaa kutaa 9ffaa 2012 tti ----% irra kan ture, bara 2017 tti 1 % gad buusuu

 Sad,2ffaa kutaa 9ffaa 2012 tti ----% irra kan ture, bara 2017 tti 0.8 % gad buusuu

Tooftaalee Raawwii

 Barattoonni mana barumsaa irraa akka hin harcaaneef sagantaa midhaan nyaataa qopheessuun
hojirra oolchuu,Maatii barattootaatiif deggersa addaa (special support) taasisuun hiyyummaa
xiqqeesuu,Barmaatilee badaa miidhaa geessisan (harmful practice) irratti hojjechuu,Seera barnootaa
hojirra oolchuu (inforcing education low) hojirra oolchuu,

 Naannoo rakkoon nageenyaa uumamutti barnoota battalaa (education in emergency)


qopheessuun battala rakkinichu uumaneen hojirra ni oola.

 Barattoota qormaata kutaa 8ffaa fudhatanii gara sadarka 2ffaatti darban osoo hin harca’iin akka
isaan xumuran tarsiimoo addaa qopheessuun hojirra oolchuu,Tarsiimoo addaa qopheessuun barattoota
galmaa’anii mana barumsaatti argaman waggaa guutuu xummuruu akka danda’an ni taasifama.Haala
ijoolleen itti barachuu dandeessu adda baasuun galmeessuu

 Ijoolleen akka hin harcaaneef naannoo warshaaleetti carraa barnootaa uumuun modeeloota
(sagantaalee) garaa garaatti fayyadamuun naannoo isaaniif mija’uu danda’utti akka baratan
taasisuu,Maatiin dirqama isaa akka bahuuf,qajeelfama raawwii qopheessuun waliigaltee uumuun waliif
mallatteessuu,Manneen barnootaa hawwataa taasisuu fi kalaandarii barnootaa akka argatan taasisuu

1.7. Bu’aa barachuu Barattootaa fooyyeessuu

Galma: 1.Yeroon barnootaa osoo hin qisaasamiin akka hojirra ooolu ni ta’a.

Galma: 2.Daree jalqabaa kutaa 1-4 irratti ijoolleen barreessuu fi dubbsiuun fi shaallaguu akka godhan
daree hunda keesstti 100% hojirra ni oola.

Galma3. Barattoonni kutaa tokko galan hundi sagantaa barnoota idileen duraa keessattti 100% darbanii
akka galmaa’an ni taasifama.

Galma 4.Walitti dhufeenya mana barumsaa fi maatii cimsuun maatii mannen barnoota sadarkaa 1ffaa
waggaatti yeroo 4 fi kan sadarkaa 2ffaa yeroo lama (2) argamuun dhimma barachuu barttootaa irratti ni
mari’atama.

Galma 5.Namoota moodelii ta’anii fi beekamoo ta’an muuxannoo isaanii mana barumsa isaan keessatti
barataniitti argamuun manneen barnootaa hunda keessaatti ijoollee akka kakaasan ni ta’a.

Tarsimoowwan Raawwii

 Xiinxalakaraa Gahumsa Ogummaa ittiin madaalamu dokumentii sadii (3) (Madaallii Gahumsaa,
Gaaffii Qorumsaa (Item test analysis fi Qorannoo fi Qo’annoo) 100% qopheessuun hojirra oolchuu,
Qabxii barachuu barattootaa EGRA 50%n gahuu;

 Sirna madaallii cimaa ta'ee fi qulqulina barnootaa mirkaneessuuf gargaaruLA 100% qophaa’ee
hojirra oolchuu;Sirna madaallii cimaa ta'ee fi qulqulina barnootaa mirkaneessuuf gargaaruLA 100%
hojirra oolchuu

 Qabxii barachuu barattootaa daree kutaa 1-6ffaa 75%n gahuu;Qabxii barachuu barattootaa
daree kutaa 7-8ffaa 85%n gahuu; Qabxii barachuu barattootaa daree kutaa9-12ffaa 95%n
gahuu;Kenniinsa barnoota lammummaa fi amala gaarii cimsuun naamusa barattootaa fooyyessuun 90%
irraan ga’uu

 Qulqullina barnootaa fooyyessuuf kan dandeessisuu hoggansaa fi caaseffama mataa isaa


danda'ee socha'u hundeessuu,

 Kenniinsa fi haaromsa eyyama ogummaa barsiisummaa fi hoggansa manneen barnootaa


akkasumas madaallii fi kenniinsi qormaataa beekamtii akkataa qajeelfamaan hojii rraa akka oolu
taasiisuu.

 Qorannoofi qo’annoo gaggeessuun hojimaata foyya’aa diriisuun fayyadamaummaa ummataa


gudisuu,

 Walitti dhufeenyi barataa fi barsiisaa, hawaasa mana barumsaa fi barsiisoota karaa nagaa
qabuun qindeessuun maatiin barataa yeroo barsiisaan barsiisu akkaataa daree barnootaa keessa taa’ee
dhaggeeffachuu danda’u haalli ni mijata.Barataan mataan isaa haalli itti fedhii barnootaa qabaatee
beekumsa argachuu qabu taasisuu irratti ni hojjetama.

 Teekinooloojii ammayyaatti fayyadamuun doomeenoota sadden irratti qormaataa fi


assesementiin sadarkaa hundatti kennuun madaallii geggeessuu,

 Barachuu barattootaa fooyyeessuudhaaf manni barumsaa itti gaafatamuumaa akka bahuu fi


fudhatu ni taasifama.Qormaata NLA (National Learning Assesement) cinaatti RLA (Regional Learning
assesemsnt) geggeessuu,Barnoota wal maddeessaa co-culcular activities hojirra oolchuun qabxiin
barataa akka fooyya’u taasisuu,

 Egzibishinii barnootaa (Education exhibition) fi namoota beekamoo (roal model) ta’an


qopheessuun hojirra oolchuu,Barnoota naamuusaa (moral & ethical education) akkasumas duudhalee
hawaasaa (Indigenous knowledge) qindeessuun hojirra akka oolu ni taasifama.

 Wal dorgommii gaaffii fi deebii manneen barnootaa gidduutti taasisuu,Tajaajila lammummaa


daa’imman barachaa akka deeman taasisuu,Qajeelfama tooftaa madaallii barachuun barattootaa ittin
madaalamuu danda’an meeshaalee (tools) qopheessuun hojirra oolchuu

 Barattootni mul’ata egeree isaanii akka adda baafatan taasisuun galmaan ga’iinsa isaa irratti
deeggaraa adeemuu

 Hoggansi barnootaa barnoota lammummaa fi amala gaariif haala mijataanumamuu isaa


hordofuu fi gamaaggamuu. Bara baajataa hunda mannen barnootaa idileen duraa irraa kaasee hanga
sadarkaa 2ffaatti haala kenniinsa barnoota lammummaa fi amala gaarii gochaan deeggaramee fi
bu'aawwan galmaa'an ilaalchisee hordoffii fi gamaaggama gaggeessuu.Barattoonni barnoota
lammummaa fi amala gaariitiin qabxii gaarii galmeessisuu irra darbee haalanaamusni isaanii irra jiru
hordofuu,Sirna barattootni manneen barnoota keessaa fi alatti tajaajila haawasa irratti hirmaatan
diriirsuu
2. Faayinaansii Barnootaa

Baajeta sektera Barnootaaf barbaachisu

Karoora misooma sektera barnootaa waggoota Kurnan dhufan kana galmaan gahuuf ciicata/inputs/
barbaachisu mootummaan, ummataa fi deggartooti misoomaa walta’uudhaan akka gumaachan ni
eegmaa. Tilmaamni maallaqa hojiin kun ittiin raawwatu akka armaan gadiitti dhiyaateera.Baasiin
waliigala bittaa Kitaabilee,bittaa furniturefi ijaarsa dhaabbilee barnootaa qofaaf barbaachisu
barbaachisu Qarshii 191,239,303( miliyoona dhibba tokko fi miliyoona sagaltamii tokkoo fi shantamii
shanii fi kuma dhibba ;amaa fi kuma sodomii sagalii fi dhibba sadii fi sadi) tti tilmaamama.

Madda Galii fi Hirmaannaa Qaamolee Adda Addaa

Baajata waliigala Hojii-raawwachiistuu fi Pirojaktootaaf Barbaachisan keessaa hirmaannaan qaamolee


adda addaa haala asiin gadiitiin tilmaamamee jira.

Maddi Galii:

• 86.6% Mootummaa,

• 10% Hirmaannaa ummataa fi galii keessoo dhaabbilee barnootaa fi

• 3.4% dhaabbilee gargaarsaa. Inveestimentii Bajata kanaa Kan Bara kudhanii barbaachisu haala
waliigalaan kan armaan gadiitti ibsame yoo taa’u, bara baraan immoo maaltu akka hojjetamuu fi
maallaqa barbaachisu jalatti taa’ee jira.

Baasii Waliigalaa Barbaachisu (2013-2022)

Gosa Ijaarsaa Baajeta Barbaachisu

Jarasaa fi Suphaaf 61,272,550.85

Bittaa kitaabilee adda addaa 2,375,256.90

Bittaa Furniture 11,861,155.52

Ida'ama75,645,124.5
Baasii Waliigalaa Ijaarsaa fi suphaaf Barbaachisu (2013-2017)

Gosa Ijaarsaa (2013-2017)

Baay'ina Baajata Barbaachisu

Gati Tokko G.Waligala

O class 2 5,356,789 10,713,578

Ijaarsa MB sadarkaa 1ffaa 1 18,378,959 18,378,959

Ijaarsa MB sadarkaa 2ffaa 1 21,656,789 21,656,789

Mana barumsa addaa hundeessuu 1 18,378,959 18,378,959

Mana barumsa Otimizii fi rakkoo wal xaxaaa ijaaruu 1 18,378,959 18,378,959

Haaroomsa MB sadarkaa 2ffaa 1 698,366 698,366

Haaroomsa MB sadarkaa 1ffaa 2 698,366 1,396,732

Ida'ama12

83,547,187

89,602,342

Tooftaalee Raawwii

Seektera Barnootaatiif Galii/Qabeenyaa Dabalataa Sassaabuu

• Hanqina leecaalloo jiru adda baasuun piroppoozaala pirojeektootaa qopheessuun abbootii


qabeenyaa dhuunfaa fi dhaabbilee adda addaaf, dhaabbilee misoomaa mootummaaf, gargaartota
misoomaa fi dhaabbilee miti mootummaatti dhiheessuun deggarsa akka godhan taasiisuu.
• Qaamoleen dhuunfaan galteewwan barnootaa oomishuu fi barnootaa fi leenjii dammaqinaa
deggarsa akka taasisan jajjabeessuu,Qaamolee dhuunfaa hirmaachisuun barattoota dandeetii/kenna fi
fedhii addaa qabaniif sirna/tooftaa carraa barnootaa(scholarship)ittiin argatan diriirsuu,Barattoota,
barsiisotaa fi hojjettoota vaayirasii ‘HIV AIDS’f saaxilaman deggaruuf seektera barnootaa keessatti
dhaabbata deggarsa maallaqaa ‘AIDS’ hundeessu,

 Dhaabbileen barnootaa galii keessoo isaanii akka guddisaniif deggarsa taasiisuu.

 Qulqullina barnootaa fooyyessuuf sirna deggarsa uummataa karoora qabu hundeessuu,

 Odiitii faayinaansii cimaa ta’e geggeessuu fi tarkaanfii sirreessaa fudhachuu,

 Sirna bittaa teekinooloojiin (IFMIS, IBEX, Online Purchasing) deggarame ammayyeesaa fi si’ataa
ta’etti fayyadamuun hojiirra oolchuu,

 Seektera barnootaa keessatti hojimaatilee damee bittaa fi faayinaansii keessatti rakkoo qaban
adda baasuun qaama ilaallatu waliin mari’achuun akka fooyya’an taasisuu,

3. Sirna Hordoffii, To’annoofi Deggersaa cimsuu

Hojii-irra olmaan karoora barnoota wagga kudhanii kun akka milkaa’uuf sirna hordoffii fi to’annoo,
akkasumas sirna ittigaafatamummaa cimaa ta’e diriirsuun ta’a.

 Dhaabbilee barnootaa rakkoowwan bu’uura misoomaa fi galteewwan barnootaa qaban addaan


baasuun deeggaruu,

 Gahumsa hoggansaafi barsiisaa madaallii ogummaatiin, ogeessaafi hawaasa dhaabbilee


barnootaa sadarkaan jiru leenjiifi barnoota walirraa hincinneefi itti fayyadama ICTn cimsuu,

 Kutaa hojii madaallii fudhannaa barattootaa (Learning assessment) hundeessisuu, Barattoonni


hundi gosa barnootaa hundatti qabxii madaallii 50% fi isaa ol akkasumas jijirama amalaa galmeessisuu
isaanii mirkaneeffachuu.

 Karoorri tarsimoo wagga shanii (ESDP-VI) addatti qophaa’ee hojii irrani ola,Walakeessa bara
karoora tarsimoo irratti madaalliin ni gaggeefama.

 Xumura Karoora Misooma waggaa irratti gamaaggama gaggeessuun kallatti misooma bara itti
aanuuf bu’uura misoomaa kaa’uu. Dhaabbilee barnootaa, hoggansi barnootaa, barsiisonni fi barattoonni
madaallii gaumsaa fi istaandaardii kaa’ame guutuun isaanii madaalamee addani baha.

 Yaa’ii Barnootaa, gamaaggama raawwii kurmaanaa gaggeessuun kallattii fuula duraa kaa’uu.

 Gabaasa ragaa Barnootaa (Educational Abstract) wayitaawaa qopheessuun fayyadamtootaan


gahuun iftoomina umuu.
 Sirna deeggarsaa fi hordoofii manneen barnootaa fi CRC tiif kurmaana kurmaanaan gaggeessuun
deub deebii kennaa adeemuu.

You might also like