You are on page 1of 7

KAROORA SAGANTAALEE JAHAN/PMQB/

MANA BARUMSAA SAD. 2ffaa GOOROO MUXII


BARA 2015

Adooleessa,
2014
Qopheessaan:- Abdi Mohammed
1. Seensa
Baruu fi barsiisuun qulqullina qabu ragaa qabatamaa irratti hundaa’ee fuul duree hubachuun hawaasa
dandeettiin isaa gabbate kan uumu, akkasumas barattoonnii fi barsiisonni gahumsa olaanaa gonfachuu fi
dandeettii kuufamaatti fayyadamuuf hojii raawwatamuudha.
Naannoon mana barumsaa barattoota hundaaf mijaa’aa, kan hin sodaachisne,isaan kan deeggaruu fi fedhii
isaanii kan guutu gochuun barattoonni akka milkaa’an godhuuf hirmaannaan qaama dhimmi ilaaluu
hundi murteessaadha.

2. Mul’ata(Vission)

Hojii barnootaa GQB qofaan hojjachuun gurmaa’insa sadeen lafa qabsiisuun mana barnoota iddoo
beekumsi,saayinsii fi teeknoolojiini itti dagaagu fi kalaqni adda addaa irraa burqu gochuun bara 2012
mana baruumsa sad 2ffaa fi Qophaa’inaa G/muxii akka Oromiyaatti moodela gochuudha.

3. Ergama /Mission)
Ijaarsa sirna dimookraasii caalatti mana barumsaa keessatti lafa qabsiisuun GQB abbummaa fi adda
durummaan hoggananii Tarsiimoo PMQB hojiitti hiikuun qabxiin barataa keenyaa daran fooyaa`ee manni
barumsa jijjiirama olaanaa irra gahee lammiilee Jaalala biyyaa qaban ,hojii kalaqaa hoojjecuu danda`anii
fi hojii uummachuu danda`an horatamaniii arguu.

4. Kaayyoo
 Sagantaan PMQB guutummaan guututti lafa qabsiisuun qabxii barataa dandeetii isaatiin walsime
akka galmaa`u taasisuu
 Gahumsaa fi Dandeetii Barsiisaa Hojii DOW keessatti gabbisuun Firii barataa irratti jijjiiramni
akka dhufu taasisuu
 Haala qabatamaa manni barnootaa irra jiru waa’ee mana barnootaa ilaalu irratti ofiin of madaaluu
dhiyeessii fi adeemsa barnootaa fooyyessuun barattoonni qabxiin olaanaa akka galmeessisan
taasisuu
 Amala barattootaa fi haala kenniinsa barnootaa fooyyeessuun bu’aan barumsa isaanii akka
sadarkaa olaanaatti guddatu gochuu.
 barattoonni gama ilaalchaatiin dandeettiinii fi beekumsaan gahumsa akka argatan gochuu
 hawaasni mana barumsichaa fi dhimmamtoonni gahee qaban barattoonni akka baratanii fi bu’aan
olaanaa akka ta’u waliin socho’uu
 Dhimmoota gurguddoon barumsa barattootaa fi bu’aa barnootaa irratti dhiibbaa uuman qorannoo
irratti hundaa’uun addaan baasuu
 kennaa deeggarsa ogummaa fi suppervishinii keessoo bara 2014tti 40% ture bara 2015 irraa gara
50%tti ol guddisu
 simannaa barumsa barattootaa bara 2014 70% ture bara 2015tti gara 85%tti ol guddisuu
 Barattoonni kamiyyuu gosa barnoota hundaan Qabxii 15% niin karoorfatee Bara 2014 qabxii
Raawwii akka m/b tti 50%-60 %ture Bara 2015tti 60% -75% tti ol guddisuu.

5. Galma

 GQB qindoominaan walfaana sochoo’u arguu.


 PMQB lafa qabate TMG M/Barumsa keenyaa qindda’e arguu.
 Harcaatii barattoota bara 2014 dhi ___ dha ___ ture bara 2015tti gara zeerootti(0) gadibuusu.
 Qabxii qorumsa kutaa 12ffaa bara 2014 caalaa bara 2015tti foyyessuu.
 Barattoota fulbana irratti barnoota isaanii jalqaban osoo hin harcaanee hanga waxabajjii akka
baratanii arguu.
 Naamusaa fi Qabxii barattootaa fooyya’e arguu.
 Qabxii barattootaa foyya’e arguu.
 Hirmaannaa ummataa dabale arguu.

6. Duudhaalee (Soonawwan (Values))

2|Page
Sagantaa misooma sektera barnootaa 6ffaa (ESDP-VI) fi kurnaffaa naannoo keenyaa baafate keessaa kan bara 2015
galmaan gahuuf, caasaalee barnootaa hundinuu sonaawwan armaan gadii goonfachuu irraa eegama.

 Gaafatamummaa /Responsibility/
 Hirmaachisummaa /Participatory/
 Bu’a qabeessummaa /Effectiveness/
 Fakkeenyummaa /Examplary/
 Kutannoo /Commitment/
 Iftoomina /Transparency/
 Qulqullina /Quality/
 Kalaqa /Innovation/
 Tajaajila gahumsa qabu keenuu
 Jijjiramaaf hojachuu
 Bu’adhaaf hojjachuu
 Gareen hojjachuu
 Guddina teeknooloojii waalin tarkaanfachuu.

1. Hojiilee PMQB waliin walqabatan

Baruu fi barsiisuun qulqullina qabu ragaa qabatamaa irratti hundaa’ee fuul duree hubachuun hawaasa
dandeettiin isaa gabbate kan uumu, akkasumas barattoonnii fi barsiisonni gahumsa olaanaa gonfachuu
fi dandeettii kuufamaatti fayyadamuuf hojii raawwatamuudha.

3|Page
Beekumsi, dandeettii fi sonawwan barsiisotaa leenjii adda addaatiin gabbatee faayidaa barsiisuu irra
oolee Firii Barataa bakka barbaadameen gahuu. Barsiisonni barumsa barsiisan ilaalchisee Beekumsa
gaarii qaban kutaa keessatti hojii irra oolchuun hordoffiin barumsa barattootaa fooyya`e arguu fi
kennaa deeggarsa ogummaa fi suppervishinii keessoo cimsuun bu’aa barbaadamu bira gahuu.

Hojiilee PMQB jahan irratti hojjetamuuf karoorfaman akka armaan gaditti dhiyaata.

1.1. Sagantaa Fooyya'iinsa Manneen Barnootaa (SIP)


A). Adeemsa Baruu-Barsiisuu fooyyesuu ilaalchisee:

 Galmee idileetiin lakkoofsi barattoota bara 2015tti barnoota idileetiif galmaa’anii sadarkaa hundatti
adda ba’ée beekamuu isaa,karooraa fi raawwiin.
 Xinxala fooyya’insa qaphxii barattootaa sirritti geggeessuun gosa barnootaa qaphxiin garmalee ittiin
gadibu’ef sababa isa fi furmaata isaa kaa’uu.
 Barattootni barnoota Saayiinsii fi Herreegaatiin adda duree ta'an jajjabeessuu, keessattuu barattoota
shamarranii.
 Barsiisoota hojii gaarii hojjetanii bu’aa gaarii galmeessan jajjabeessuu.
 Barsiisoonni Gosa Barnoota Barsiisan hundaan dandeetii walfakkaatu horatanii qabxii barataa iddoo
barbaadameen akka gahan taasisuu
 Barsiisaan hundinuu Hojii DOW keessatti adda durumaan hirmaatanii gahumsaa ofii akka cimsatan
taasisuu.
 Hojii Suparvishinii Keessoo cimsuun Kennaa Deegarsaa finiinsuu ,Kan Fooya`an jajjabeesuu,kan
hin fooyeesine irra dadeebi`in cimsuu,kan irra deebi`in dandeetiin isaa fooya`uu dide maqsuu.
 Hawaasa keessatti hubannoo uumuun namni hundi barnootaaf akka galmaa`u taasisuu
 Barataan Qabxii isaa Gosa Barnoota hundaan %10 niin karoorfatee akka fooyeefatu taasisuu
 Barnoota Gochaan deegarame(Laboratory),Kitaaba Wabii Barataa,Moojuuloota,Maanuwaaloota
Barsiisaa adda dureen qophaa`an ,tajaajiloota dabalataan qabxii barataa fooyeesuu waliin walitti
hidhatu balinaan raawwachuu
 Dhaabilee Barnoota Olaannoo fi Miti –Mootummaa waliin balinaan hoojachuun madda baajataa
uumachuun Leenjiilee gagabaaboo fi sttaff training balinaan fayyadamuun dandeetii barsiisaa
gabbisuu
 Barnoota Walmaddeesaa keessatti hawaasa m/b balinaan hirmaachisuun tooftaa barsiisuu gaarii
uumuu
 Hojii DOW barsiisaa keessatti mala barsiisuu gaarii uumuu danda`uu fi qabxii barataa fooyeesuu
danda`u irrati Qo`annaa fi Qorannoo goochaan deegarame gareen irratti hoojachuun bu`a argame
madaalaa deemuu
 Dandeetii Barsiisoota Sad. 1ffaa Aanaa keenyaa cimsuuf gosa barnoota hundaan Kennaa Deegarsa
walitti fufaa fi Leenjii gagabaaboo qopheessuun barsiisoota balinaan leenjisuun barataan sadarkaa
gadiitti buu`ura gaariin ijaaramee dandeetii horatee yeroo Sad. 2ffaa dhufeeti cimee akka argamu
taasisuu

B).Naannoo mana barnootaa barnootaaf mijataa taasisuu ilaalchisee:

 Taapheellaa karra mooraa mana barumsaa sirreeyisuu fi loogoo haaraya fi alaabaa lammaan
irratti kaasuu.
 Mana fincaanii bishaaniin sirritti dhiquuu

4|Page
 Kutaa handhuura gabbisaa barnootaa qopheessuu.
 Biqiloota Nama hawwatan naannoo dalla mana barumsatti dhaabuu.
 Biqiloota dhaabaman kunuunsuu.
 Iddoo harka dhiqannaa Barsiisootaa tolchuu.
 Iddoo haara galfii barsiisotaa qopheessuu.
 Iddoo hiriiraaf mijataa ta’e qopheessuu.
 Bishaan dhugaatii mucha isaa dabaluu.
 Tapeellawwan barreeffaman haarawomsuu.
 Pilaazmaa dhaabbame Sagantaa isaa kan bara 2015 akka qophaawu gochuun barnootaaf
qopheessuu.
 Jenereetara iddoo duraan jiru irraa buqqifamee moora keessa akka dhaabamu gochuu.

C). Hirmaannaa Ummataa Hojii Barnootaa Keessatti guddisuu ilaalchisee


Hojiilee hirmaannaa ummataatiin hojattamuuf karoorfaman keessaa muraasni akka armaan gaditti
dhiyaata.

 Mana bunaa fi shaayii ijaaruu.


 Dalla mana barumsaa jajjabeessuu fi qorqoorron ijaaruu.Keessattuu karaa makinaa mooggaa
1/2 bara 2015 qorqorroon dalayuu/ijaaruu.
 Biqiltuu dhaabuu fi kunusuu
 Bishaan dalla mana barumsaa jala ciisuu fi gaalana seenu irraa baqaysuun akka bira darbu
taasisuu. Iddoo bishaan roobaa moora keessa seenuun galaana irraa deebisuu.Bo’oo bishaanii
baqayisuun bishaan manarraa bu’uu akka darbuu gochuu.
 Galmee barattootaa osoo harcaatiin tokko hin jirree fi qulqulluu akka ta’u taasisuu.
 Hojii naannoo MB mijataa gochuu keesstti hawaasni abbummaadhaan qooda fudhachuu isaa
fi gumaacha inni taasisu cimsuu.
 Biqiloota oyruu mana barumsaa kunuunsuu.
 Galaana daree rooba gannaa manna barumsaa irraa deebisuu.
 GMB fi BBLG waliiti qindeessuun galmee barattootaaf akka hubannoo hawaasaa keennan
taasisuu.
 Galmee barattootaa qulqullinaan hagayyaa 25/12/2014-5/01/2015 akka raawwatu taasisuuf
tumsuu.
Baayyina
saffartuu

maallaqa
Baayy

Humna
Nama

namaa
T.
ina

L Wantoota hojjetamuuf karoorfaman hirmaatu


 1 Bo’oo galaanaa oyiruu irraa baasuu bishaan akka dabru godhuu meet 70 10 1200
 2 Suphaa dallayaa qorqorroo bituun meet 25 50 6000
 3 Kitaabilee Wabii lakk 50 41 5000
 4 Mana shaayii fi bunaa jaaruu lakk 1 20 1200
Ida’ama 13,400

D). Hoggansa mana barnootaa


Karoorri sadarkaa mana barumsaatti qophaa’e kun qixa sirriitiin hojii irra akka
ooluuf ga’een hoggansa mana barumsaa ol’anaadha. Isaan keessaa:-

5|Page
 Karoora hirmaachisaa fi jijjiirama irratti xiyyeeffate qopheessuu.
 Too’annaa fi hordoffii cimsuu.
 Hojii safaree kennuu fi safaree fudhachuu.
 Qaama dhimmi ilaalu hundaa waliin dhiheenyatti hojjechuu.
 Gahee hojii fi itti gaafatamummaa sirritti hubachiisuu.
 Aadaa hojii hogganuu,bakka buusu gabbifachuu.
 Mirgaa fi dirqama barataa,barsiisaa fi hojjetaa bulchiinsaa hubachiisuu.
 Korelee mana barumsaa sirritti qindeessuu.
 Caasaalee Araddaa waliin hojjechuu.
2. Sagantaa Misoomaa Barsiisootaa

 Barsiisoota haara dhufan mana barumsaa waliin walbarsiisuu.


 Karoora DOW kan mana barumsaa qopheessuu.
 Ragaalee barsiisotaa qulqullinaan qindeessuu.
 Faayiloota adda addaa kan mana barumsaa keessa jiran qindeessuu.
 Faayila barsiisotaa gosa barnootaan,mummeen GQB’n qindeessuu.
 Rostara bifa miidhagina qabuun barabaraan qopheessuu.
 Ragaalee biiroo keessaa harowoomsuu barbaadu harawoomsuu.
 Ramaddii barsiisotaa fedhii irratti hundaa’e geggeessuu.
 Hanqina barsiisaa ENG,Civics,fi Amaariffaa furuu.
 Hojjetaa Mana galmee gaafachuun akka qaxxaran godhuu.
 Leenjii gabaaba barattootaa fi barsiisootaaf kennuun barnoota bara 2015 eegaluu.

3. Sagantaa Fooyya'iinsa Sirna Barnootaa


A). Dhiyeessii kitaaba barataa, qajeelcha barsiisaa ilaalchisee:
 Kitaaba barattoota kutaa 9ffaa gara kutaa 10ffaa,10ffaa gara 11ffaa fi 11ffaa gara 12ffaatti darbaniif
yeroon raabsuu.
 Ragaan kitaabilee kan haarka barataa ga’ee, hanqinaa fi kufama jiru adda baasuu, reeshoo
kitaaba barataa gosa barnootaan adda baasuu.
 Rakkoo gurguddaa raabsaa fi itti fayyadama kitaabaa irratti mudate hiikuu.
 Kitaaba hanqina qabnu adda baasuun qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu.
 Raga qorumsa biyyoolessaa qindeessuun mana kitaabaa akka taa’u gochuu.
 Bu’aa qormaata biyyoolessaa bara baraan qindeessuu.
 Tiraanskiriptii barattoota kutaa 12ffaa yeroon akka hojjetamu gochuun barattoonni akka
fudhatan beksisuu.
 Ragaan barattootaa baraan,kutaan akka qindaa’u gochuu.
 Hanqina kitaabaa qaama dhimmi ilaaluu fi manneen barnootaa Aanaa biro gaafachuun
dhiheeyisuu.
B). Madaallii Qabxii Barnootaa Gaggeessuu Ilaalchisee:
Qaaccessi firii qormaata kutaa12ffaa qabxii olaanaa, giddu-galeessaa fi gadaanaatiin adda baasuu.
Barattoota qabxii ol'aanaa galmeessan onnachiisuun warra kaan keessatti kaka’umsi akka
uumamu taasisuuf badhaasa barattootaaf qopheessuu.
Qaaccessi firii qormaata kutaa 9ffaa hanga kutaa12ffaa qabxii olaanaa, giddu-galeessaa fi
gadaanaatiin adda baasuu.

4. Barnoota Lammummaa fi Amala Gaarii ilaalchisee:


 Iddoo alaabaa haarawoomsuu.
 Eegallii barnoota 2015 simannaa ho’aa ta’e barattootaa fi barsiisootaaf akka godhamuu
gochuu .

6|Page
 Ilaalchii jaalala biyyoolessaa haala barattoota kessattii uumamuu danda’uun guyyaa alaabaa
bifa ho’aa ta’een gaggessu.
 Danbii ittiin bulmaata mana barnootaa irratti barattoota, Barsiisoota fi hojjettoota
bulchiinsaa waliin marii geggeessuu.
5. Sagantaa Teknolojii Qunnamtii Odeeffannoo Barnootaa (ICT)
A). Tajaajila pilaazmaa TV Ilaalchisee:
 Inistaaleeshinii isaa ogeyyii buufata raadiyoo waliin ta’uun hojjechuu.
 Sagantaan tamsaasni barnoota pilaazimaa yeroodhaan mana barnootaa akka dhufu gaafachuu.
 Bara 2015 manni barumsaa tajaajila tamsaasa pilaazmaa akka argatu gochuu.
 Barnoonni Pilaazmaa “Hard Disk’’tti fayyadamnee yeroo tajaajilli adda cite akka barsiifamu
gochuu.

B). Sagantaa baballina ICT (School net)


 Kompitara Qabnu Hunda Qulqllinaan Qabuu
 “School net” kan jedhamu tajaajila interneeta diriirsuuf qaama dhimmi ilaalu waliin hojjechuu.

6. Sagantaa Hoggansa, Hojimaataa fi Gurmaa'ina Barnootaa ilaalchisee


 Konfaransii torban barnootaa hawaasa waliin geggeessuu.
 Ga’umsa keessoo siistema barnootaa fooyyesuuf rakkooleen qorannoon (research) deebii
argachuu qaban adda baasuu.

7|Page

You might also like