You are on page 1of 17

onko.

2015
Jimmaa
Lakk_________________

1
Guyyaa_______________

W/ra Buulchinsaa Magaalaa Jimmaatiif


Jimmaa
Dhimmi isaa:- Gabaasa hojii Ji’a Onkololeessa w/ra Qonnaa M/Jimmaa
bara 2015 erguu ta’a.

Akkuma armaan olitti tuquuf yaalame Gabaasa hojii hojii Ji’a Onkololeessa
manajimanitii w/ra keenyaaf dhiyaatee haaqinaa fi Waxabajii jiruu addaa
Baasuun gamaggamuudhaan haala armaan gadiin qindeesinee, waraqaa
fuula _____qabu xalayaa gaggeesituu kanaan wal qabsiifne kan ergine ta’uu
isaa kabajaan isiin beeksiifna.

Nagaa Wajjin!!!
G/G

 W/ra Bulchinsaa Magaala Jimmaatiif


 W/ra MWD Magaala Jimmaatiif
 W/ra Afa-Yaa’ii Magaala Jimmaatiif

1. Seensa

2
Akkuma beekamu karoora Imala Badhaadhinaa waggaa shanii akka biyyaatis ta’ee nannoottii qophaa’ee Gadi
bu’e bu’uura godhachuun akka W/ra keenyatis karoora qooda fudhattoota hunda hirmaachise qopheefachuun
galmaga’iinsa isaatifis W/ra irraa Kaasee Hanga Gandaaf Gandaa Gadiitti Raayyaa misoomaa Cimaa ta’e
ijaarun itti fayyadamudhaan muxaannoo gaarii babal’suun akka lafa qabatu gochuuf hojatama tureraa. Gama
biratiin galmoota karoora waggaa qabaman guutuumaatti raawwachuun gudina qonnaa arifachisu fi ittii fufiinsa
isaa mirkaneessuuf qonnaan bultooni deegarsa ogeesootattii fayyadamudhaan Oomishaa gaba-giduu gaaleessa
godhatee irratii akka bobaa’ani fi Akkassumas jiraattoni Magaala Kenyaa WHG tiin Gurmaa’un Rakkoo
Dhiyeesi fi Gabaa Akka Furatan Gochuun murteessa ta’aa.
Haaluma kanaan gabaasa hojii Onkololeessa w/ra Qonnaa M/Jimmaa bara 2015kana keessaatti
qonnaan bultoota baadiyyaa irraa gara magaalatii dachaa’an dabalatee teekinoolojiiwwan qonnaa gosa adda
addaa itti fayyadamuudhaan buu’aa argachuu jalqaban daran dachaan akka dabaluuf xiyyeeffanaan hojatamaa
jira.
Bu’uruma kanan hojiiwwan Ijoon Akka Seektarichaati Raawwatamaanis:.Hojii Misooma Qonnaa, Misooma
Beeyleda fi Qurxummii Akkasumas BBWHG jallatti Karoorfaman yoo ta’u Karoori fi Raawwin isaanis akka
Armaan gadiiti tokko tokkoon kaa’amee jira.
2.sakatta’insaa naannoo(environmental scan)

2.1.Argamaa fi haala qilleensa magaalaa Jimmaa(location & Climate of Jimma)

Magaalaan Jimmaa, Magaaloota gara Kibba-Dhiha Oromiyaatti argaman keessaa eeshii tokko yoo
taatu, Finfinnee irraa km 352, fi laatitiyudii 7°40′ Kaaba fi longitiyudii 36°50′ Baha irratti fagaattee
argamti. Magaalli Jimmaa gara Bahaa fi Kaaba-Bahaatiin Aanaa Qarsaatiin, Kibbaan Aanaa Deedootiin,
Dhihaan Aanaa Saqqaa Coqorsaatiin, Kaaba-Dhihaatiin Aanaa Maannaatiin daangeffamti. Bal`inni
magaalichaas km2 100.2 ta’a.
Ol-ka’iinsa lafa magaalattii taa'icha galaanaa olitti meetra1,720-meetra 2,010 jidduutti argamti.
Gosti qilleensa magaalattii badda-daree yoo taú waggaatti jiddu-galaan rooba mm 1,470 ta'u
argatti.Magaalaan Jimmaa ho’inni ishee gidugaleessaan 12.1oC - 280 C dha. Haalli taa’ichaa fi qilleensa
magaalattii gama hundaan mijaa’aa waan ta’eef jireenyaaf kan filatamtuudha. Kana waan ta’eefis
magaalattiin carraalee invastimantii adda addaa akka qabaattu taasiseera.
Baay’ina ummataa Magaalattis, Dh.122,169 Dub. 124,854Ida’ama 247,023 irra akka gahee jiru
ragaan ni ibsa.
2.2. Haala Gurmaa’iinsa Bulchiinsa Magaala Jimmaa walqabatee jirus:-

Bulchiinsi magaala Jimmaa” dambii labsii 65/1995 bahee fi dambii lakk. 53/1997 foyya’een waajjiraalee
Mootummaa 30 fi bulchiinsa ganda 17n gurmaa’uudhaanqaama seerummaa argachuun of-dandeessee
Sochii eegaltee kan jirttu ta’u isaatii.

3
2.3.sakata’iinsa Mana hojii

Haala mana hojii gadi-fageenyaan qorachuun cimina fi hanqina raawwii karoora hojii keessatti mullatte
adda baasuun sochii gara fuulduraatti taasifmuuf bu’uura guddaa dha. Kanaaf, gamaggama raawwii
karoora hojii gaggaeessuun Gabaasa Rawwii karoora hojii, hanga wagga bara 2014 jiru qopheesuun
barbachisaadha. Gamaggama Gabaasa raawwii karoora hojii taasifame keessatti dhimmoota afur irratti
xiyyeefachuun ilaalameera.Isaaniis Cimina fi hanqina mana hojichaa sanaan walqabatee jiru fi sodaa fi
carraa haalla Naannoo sana keessa jiru adda baasuun, sodaa fi dadhabina jiru hambisuun ciminaa fi
carraa jiru itti fayyadamuun yeroo itti aanutti raawwii karooraa keenyaa galma barbaadame irraan akka
gahamuuf, dhimmoonni galtee ta’uu danda’anuu fi yeroo itti aanuutti sirreefamuu qaban haala kanaa
gadiitiin qindaa’eera.

3.Kaayyoo Gabaasichaa:.
 Kaayyoongabaasa kanaas Hojiiwwan Akka seektarichaatti Baajata Mootumma fi Hirmana Uummatatin
waggoota Kana keessa karoorfataman Seektaroota qidoomina qonnaa gara olii fi Akkasumas seektaroota
akka magaala keenyatti karooraf rawwii hojii mootummaa hordofanif karoora Yeroo isaa Eegate Dhiyesuu
ta’aa.
 Gamaggamma rawwi hojii kur.1ffaa taasisun Cimiina fi dadhabina keessatti mul’atan adda baassuun
ciminoota itti fufsisu fi hanqinoota sireesaa adeemuf .
4.Ergamaa,mul’ata fi dudhalee.

A. Mul’ata (Vision)
 Bara Oomisha 2013-2022 Qonnaan Bultooni fi dargaggoni waldaalee IMXn qonna magaala irratti
Gurmaa’an haala amaayyaa ta’een qonnaa magaalaa irrati hirmatanii nyataan mataasaanni danda’ani
galiisaanis qabatamaan ol’gudifataani hiyyuumaa keessaa ba’aanii gara idustiriitti ce’an Arguudhaa.
 Bara 2013-2022 tti sadarkaa Qonnaan bulaatti misooma beeylada hammayaa’ee guddina industiriif
gahee ol’aanaa qabu’uumuu.
 Jiraattonni Magaala kenyaa Waldaa Fayyadamtota fi Qusannaa jallatti gurmaa’un Aadaan
qusannaa hojjattoota motuummaa fi ummata keessatii babal’ate argu fi akkasumas rakkoo
dhiyessii meshalee bu’uraa furachuu danda’u arguu.
B. Eergama (Mission)
 Qorannoo jijjirama bu’uura adeemsa hojii (BSC) hojiirra olchuun bulchiinsa gaarii mirkaneesu fi
misooma safisaa Oomishaa qonnaa wal-irraa hin cinne uumuu fi Akkasums fedhii qonnaan bulaa
bu’uureeffachuun tajaajila Ekisteshini teekinooloojii qonnaa ammayyaan deegarame akka
argatan gochuun Galii isani foyeefatani gara industriitti akka Ce’un gochuudhaa.
4
 Beekumsa, humnaa fi qabeenya beeyladaa horsiistonni qaban qindessun hojii misooma
beeyladaa tekinooloojii ammayyaan deggerame gaggeessuu fi Eegumsa fi to’anoo qindaa’e hojii
irra oolchuun omishaa fi omishtummaa beeyladaa itti fufiinsaan guddisuun qabeenya beeyladaa
gabaan ogganamu uumuu.
 Beekumsa,humnaa fi qabenya adda addaa qindeesudhan Qaama hawasaa Gurma'ee Rakkoo
ofii ofin furatu Uumuu.
C. Dudhaalee:.Duudhaalee gabaasa imalaa badhaadhina keessatti calaqqisa turan.
Isaanis:.
 Kabaja maamila
 Qoophaa’ina tajaajila
 Iftoomina
 Miira garee (team sprit)
 Hirmaachisumma
 Itti gafatamum
4.Xinxalaa haala keessaa fi alaa
41. Haala Uummataa
Ummanni magaala keenyaa ummata sochii hojii Misoomaa fi nageenyaa yeroodhaa gara yerootti
taasifamu keessatti, hirmaachuun, bu’aa boonsaa galmeesisuun kan beekamu yoo ta’e iyyuu, hojiin
qonnaa misoomaa diinagddee,hawaasummaa,Nageenyaa fi haqa kessatti qabu hubachuu dhabuu irraa
kan kaée, qonnaa ammayyeessu irratti rakkoon ilaalchaa fi hubannoo kan jiru ta’uun isaa hubatameera.
Kanaaf, rakkoon ilaalchaa aadaa, fi, amantaan, walitti fidanii ilaaluu fi akkasumas barmaatilee hawaasa
keessa jiranu tokko tokkon walqabatee mul’atun kan ka’e, raawwii hojii misoomaa qonnaa irratti gufuu
ta’ee waan jiruuf, dhimmi hojii hubannoo uumuu fi leenjii gaggabaabookennun rakkocha hiikaa deemuu
dhimma xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu qabuudha

4.2. Haala HoggansaaGandaa


Hoggansi Bulchiinsa magaala keenyaa hojiiwwan sekteeroota magaalicha hunda abbummaan qabachuun
karoora gahumsa qabu qopheefachuun sochii raawwii keessa galuun jijjiirama fiduu irratti argamu. Haa
ta’u male hojii Qonna raawwachuuf karoora qabachuun sochii taasifameen jijjiiramni dhufuu jalqabe
salphaa miti. Sochii taasifameen jijjiramnni dhufuu jalqabe akkuma jirutti ta’ee, galma qabamee wajjin
yeroo madaalamu immoo, kufaatii keessa akka jiramu hubachuun danda’ameera. Kanaafis dhimmoonni
sababa hojichii haaraa ta’uu isaatiin kan ka’e, hojiichaaf xiyyefannoo kennanii kuttannoo fi humna
guutuun itti galanii hojjachuu irratti harkifannaan cimaan kan jiruudha. Kanaaf hojiin kun deggarsa
hoggansaa cimaa yoo arggate male haga barbaadamu raawwatamuu waan hin dandeenyeef dhimma
yeroo itti aanutti xiyyeefannoon sirra’uu gaafatuudha

5
5.Xinxalaa keessaa(ciminaa fi dadhabinaa)
5.1.Haala humna namaa w/richaa

 Humni namaa w/richaaf barbaachisu akkaataa caasaa haaraa qoratameetiin nama 44 yoo ta’u, yeroo
hammaa qabatamaan humni namaa jiranu, dhiira 26 dubara 10woliigala nama 36 yoo ta’u, % 77 irra
gahameera. Humna namaa kanaan hojii karooran qabatame, hanga tokko raawwachuun kan
danda’ame yoo ta’ees, raawwiin keenya bara kanaa galma qabamee woliin yeroo ilaalamu baayyee
gaarii ta’u isaa gamaggamaagodhameen ilaaluun danda’ameera .kanaaf bara 2015 humna nama
haafee guttaacchun 100 % akka gahuu xiyyeefannoon hojjachuu gaafata.

52. Haala Raawwattoota mana hojjichaa

 Raawwattoonni mana hojii keenyaa karoora waggaa,kurmaanaa fi ji’aa qopheefachuun sochii


raawwii keessa galuudhaan jijjiramnni raawwii barbaadamu galmaa’uu jalqabeera.
Raawwattoonnii mana hojii keenyaa miira tajaajiltummaa goonfatanii aantummaa uummataa
qabaachuun fedhiifi kaka’umsan hojjachuu irratti haalli raawwattoota biratti dhufaa jiruu gaarii
ta’uu isaa, Sochiin Gurmaa’insa raayyaatiin wal qabatee jirus gaari ta’uu isaa.
 Sa’aatii hojii namuusa gaariin kabajanii hojii idilee isaanii hojjachuus ta’ee sa’aatii hojiittin ala hojii
irratti of kenaanii hojjechuunis kan jijjirama jiru ta’uu isaa.

Gandoota abbummaan qabachuun sochii jiru hordofaa deemuu irratti jalqabbiin jiru gaarii ta’uu isaatii.
Dhimmoonni akka ciminaatti tuqaman akkuma eegametti ta’ee, hanqinoonnii xiyyeefannoon yeroo itti
aanuu keessatti hiikamuu qabanus ni jiru. Kunis:- hojiin w/riicha baayyachu isaatiin kan ka’ee
rakkoowwan ilaalchaa fi hubannoo bil’inaan mul’atu humna namaa muraasa qabnuun hojjachuun hin

danda’amaa jedhanii kutannoon cabsaa deemuu irra , hoggansi sadarkaan jiruus nu deeggaraa hin jiru
jedhanii abddii kutachuun bal’inaan waan mul’atuuf xiyyefannoo barbaada
6.Xinxalaa haala alaa (carraa fi soda jiruu)

Carraa

1.Omishaa fi omishtummaa qonnaa dachaan dabalee fi fayyadamummaa maamilaa


dabalaa deemuu
2.misoomaa “nyata koo borokoo” itti fufiinsa qabuu fi haala mijaawaa misooma qonnaa fi
jireenya hawaasaaf uumame gaarii ta’u.
3.Tajaajila, teekinooloojiiwwanii fi omisha qonnaa sadarkaa qulqullinaa eeggatee itti
fufiinsaan karaa seera-qabeessa ta’een faayadamtootaaf dhihaatee fi qabeenya eegamu

Sodaa
6
1.Qonaan bulaa qabnuu hundii bifa walfakkaata ta’een teeknoolojii itti fayyadamu haafu

2.dhiyeesii calla guddiftu fi sanyii filatamaa yeroon dhiyyaachu dhabu.


7..Hojii dhimma Riifoormmii fi hojii SMBKT ilaalchisee:-

7.1.Ijaaramnnii Raayyaa jijjirama PSMQN ijaarameera.Kunis:-

 Gumiin A/duree tokko 1 ijaaramee karoora qopheefachuun akka sochii egaluu godhameera.
 Tokko shanee 3 ijaaramuun karoora qopheeffachuun sochii akka egaluu godhameera.
 Galmeen yaadaa qophaa’uun maamiloonni keenya akka keniisa tajaajila keenyaa irratti, itti-
quufiinsa fi komii qabanu ibsatanu godhamee jira.

7.2. Hojii SMBKTnis walqabatee:-

 karoora akka mana hojiittis qopheefachuun sochii keessa galameera

Akkasumaas Abbootiin Adeemsaa fi Raawwattoonnis karoora dhuunfaas qopheefachuun

sochii raawwii keessa galamee jira.

8.Raawwii dhimmaa korniyaa fi HIV/AIDS

Hojjeetoota w/ra keenyaa mindaa argatuu iraa HIV/AIDS Kutuun Namootaa Dhukubichaan
Qabaman Fi Ijolee Haadha Fi Abbaa Isaanii Dhukubichanmidhaman Gargaara Kan Jiruu Ta’u.

9.Rakkoolee Gurguddoo Adda Baha


 Dhiyyeesi meeshaalee AI
 Rakkoo dhiyeessii beeyladaa qorichaa
 Rakkoo geejjiibaa
 Gatiin cuuccii dabalaa deemuu
 Qisaasamaa mallaqaa hamma barbaadamee kan hin deebinee ta’u
 Yaa’ii waliigalaa wldaalee hundaatti bifa walfakkataan kuttannoodhaan itti adeemuu haafu
 Waldaalee odiit gochuun hamma karoorfamee raawwatamu haafuu
 Waldaalee modeelaa ta’an addaa baasaa deemuu haafu
 Qalma seeraan aalaa babalachu

II. Kutaa lamaa hojiiwwan hojetamuuf karoorfaman

1.Hojjiwwan ijoo,kaayyoo hojii ijoo fi galmootaa hojiiwwan ijoo

7
 kaayyoo hojii ijoo Kana keessa karoorfataman Seektaroota qidoomina qonnaa gara olii fi Akkasumas
seektaroota akka magaala keenyatti karooraf rawwii hojii mootummaa hordofanif karoora Yeroo isaa
Eegate Dhiyesuu ta’aa.
Gamaggamma rawwi hojii kurmanaa 1ffaa taasisun Cimiina fi dadhabina mul’atan adda baassuun
ciminoota itti fufsisu fi hanqinoota sireesaa adeemuf

Galmoota gurgudoo

 Hudhaalee ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessi naannoo gegeesitoota fi raawwatoota sadarkaa


sadarkaan jiranii fi qonnaan bultoota keessati mulaachaa ture adda baassuun furmataa ka’uu.
 Aadaa teekinoloojii qonnaa fi paakeejii gutuu fayyadamuu babalisudhaan omiishaa fi
oomishtummaa qonnaa fi beeyladaa daachaadhaan dabalu
 Qonnaan bultoota adda dureef hojiimaata teeknoloojii adda addaa irratti leenjii gocharrattii
xiyyeefate keennuu.
 Raayyaa misoomaa cimaa fi amansiisaa ta’e ijaaruun hojii misooma qonnaa,beeyladaa fi
BWHG jijjirama bu’uura fiiduun galma omisha keenya dachaan dabaluu milkeessuu
2.kallattiiwwan bu’uura gabaasicha

 Hojiilee misooma kaminuu teekinolojii haaraan kan deegarame ta’ee hirmaannaa isaas
karaa ijaarama Raayyaa tiin kilaasteraan hojechuu
 Rayyaa misooma kallattii hunddan itti fayyadamaa teekinolojii bu’a qabeessa akka ta’u
ogummaa dhaan deegaruu.
 Rayyaa sivil servisii W/richaa cimsuu
 Hojjimaata paartii fi Mootommaatiif xiyyefannoo guddaa kennun hojii iraa oolchu.
 Itti fayyadama teekinoolojii fi bu’aa muuxannoo gaarii babal’isuu
 Haala yeroo beekanii hooggansa guutu kennuu
 Gabaasa soba irra billisa ta’u
 Dandeetti raawwachistumma ogeessota fi sekterota yeroo yeroon cimsun qaawwa jiru
duuchaa adeemu.kkf
3.tarsiimoo raawwii karoora misoomaa(badhaadhinaa)

 Hojjimaata paartii fi Mootommaatiif xiyyefannoo guddaa kennun hojii iraa oolchu.

4.kaayyoo gooroo fi kaayyoolee gooree


 Misooma Qonnaa Teekinooloojiin Deggarame

8
 Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa
 Eegumsaa fi To’annoo Bu’a Qabeessa
kaayyoolee gooree
 Ijaarsa Uummataa fi Tajaajila Hawaas-Diinagdee cimsuuf qonnaa ammayyaa fi
teeknoolojii irratti hunda’ee raawwachu
 Gama waldaa hojii gamtaatiin hojiiwwaan dhiyyeessii meeshaa bu’uuraa irrattii
baliinaan hojjeechuun ittiifayadamaa ummataa guuddissuu
 Gamaa misoomaa beeyaladaa ilaalchisee mala ammayaa’aa ta,ee babaliisuun
hojiiwwaan gama horsiisaan walqabatee raawwachu

5.TOORA XIYYEEFFANNOO TARSIIMO’AA FI


BU’AA TOORA XIYYEEFFANNOO
(STRATEGIC THEMES &RESULTS)

Milkaa’inni ergamaa fi mul’ata mana hojii tokkoo kan mirkanaa’uu danda’u


Toora xiyyeeffannoo sirrii ta’e yoo qabaate qofaa dha. Toorri xiyyeeffannoo
tarsiimo’aan hojii guddaa mana hojii kan ibsuu fi karaa xiyyeffannoo kan
muli’san utubaa milkaa’inaa (Pillar of Ecxellence) dha.
5.1.Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa
 Misooma Qonnaa Teekinooloojiin Deggarame
 Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa
 Eegumsaa fi To’annoo Bu’a Qabeessa
 Ijaarsa Uummataa fi Tajaajila Hawaas-Diinagdee

5.2.Bu’aa Tarsiimo’aa

 Omishaa fi omishtummaa qonnaa dachaan dabalee fi fayyadamummaa


maamilaa guddate.
 Qabeenya uumamaa itti fufiinsa qabuu fi haala mijaawaa misooma qonnaa fi
jireenya hawaasaaf uumame.
 Tajaajila, teekinooloojiiwwanii fi omisha qonnaa sadarkaa qulqullinaa eeggatee
itti fufiinsaan karaa seera-qabeessa ta’een faayadamtootaaf dhihaatee fi
qabeenya eegame.

5.3.Toora Xiyyeefannoon Hojiiwwan Gurguddoo


Gaggeefamaa Ture
 Ijaarama Raayyaa cimsuudhaan hojii gaggeesuu.

9
 Hojii ijaarsa dandeettii cimsuu
 Hojii iarsa FTC fi sochii hojii sirna ekistenshinii lafa qabsiisuu
 Hojii Misooma ,Kunuunsaa fi sassaabbii midhaanii (jallisii)
 Hojii dhiyeesii fi raabsa C/gudiftuu
 Hojii Muuxannoo gaarii babal’isuu.
 Qindoomina hojii seektara Qonnaa cimsuu
 To’annoo, Hordoffii fi Deegarsa hojii waligalaa KKf.

6.Hojiiwwan Garafuulduraa Xiyyeefannoodhaan

Gaggeefaman
 Hojii ijaarama raayyaa tiin cimsanii gaggeesuu.
 Hojii ijaarsa dandeettii cimsuu
 Hojii qophii lafa fi facasaa Kuduraa Fi Mudura
 Hojii Dhiyeessii fi raabsa c/guddiftuu
 Hojii sochii hojii Ekistenshinii
 Hojii misooma Jallisii
 Hojii Muuxannoo gaarii babal’isuu
 Hordoffii fi Deegarsaa hojii waliigalaa
 Qorannoo gaggeesuun rakkoo addaan baasuun yeroon furmaata kennuu kkf.
7.galma
 Hudhaalee ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessi naannoo gegeesitoota fi raawwatoota sadarkaa
sadarkaan jiranii fi qonnaan bultoota keessati mulaachaa ture adda baassuun furmataa ka’uu.
 Aadaa teekinoloojii qonnaa fi paakeejii gutuu fayyadamuu babalisudhaan omiishaa fi
oomishtummaa qonnaa, beeyladaa fi WHG daachaadhaan dabalu
 Qonnaan bultoota adda dureef hojiimaata teeknoloojii adda addaa irratti leenjii gocharraIttii
xiyyeefate keennuu.
 Raayyaa misoomaa cimaa fi amansiisaa ta’e ijaaruun hojii misooma qonnaa, beeyladaa fi WHG
jijjirama bu’uura fiiduun galma omisha keenya dachaan dabaluu milkeessuu
8.Ciminaa fi Hanqina Hojii keessatti Mul’ate
 Akka Ciminaatti
 Qindoominni hojii Bulchiinsa Magaalaa Wajjin jiru gaarii ta’uu

10
 Akka bulchiinsa magaalaatti xiyyeeffannoo fi deeggarsi hojii qonna magaalaatti kennamaa jiru gaarii
ta’uusaa.
 Deeggarsi fi Hordoffiin BQO hojii Qonna Magaalaatiif godhaa jiru gaarii abdachiisaa ta’uu isaa.
 Qindoominni hojjataa akka waajjira Qonnaatti jiru gaarii ta’uusaa
 Rakkoon Ogeessota muraasa bira jiraatus sochiin ogeessotni qonnaa hojii qonna magaalaa lafa
qabsiisuuf godhaa jiranu jajjabeessaa ta’uusaa.
 Hojmaatni kilaasteraa babal’ataa dhufuu.
 Bakka hundatti wal fakkaachuu dhabus Q/Bultoota naannawaa magaalaa fi Jiraataa magaalaa biratti
Hojiin Qonna magaalaa fudhatama argachaa dhuufuu fi hojiin ‘’nyaata koo boroo kootti’’ jiraattota
magaalaa baay’ee biratti jalqabamuu fi bu’aa isaa dhandhamamuu eegaluu.
 Haalli sochiin hojii jallisii irra jiru dhiheessii Oomisha garaa garaa dabaluu keessatti abdachiisaa
ta’uusaa.
 Dhiheessiin C/guddiftuu yeroon dhihaachuu fi Q/Bultootni yerootti argatanii fayyadamaa jiraachuu
 Fedhiin itti fayyadama teknoolojii qonnaa dabalaa dhufuu.
 Hojiin Qonna Magalaa Xiyyeefanaa Hogansa Siyasaa kan argatee ta’u
 Dhiheessii C/Guddiftuu garaa garaa irratti W/ra Qonnaa Godina Jimmaa fi W/ra BWH Godina
Jimmaa waliin qindoominaan hojjacuu.
 Ittisaa fi to’annoo dhibeewwan garaa garaa irratti kiliinika Biqiltuu Jimmaa waliin qindoominaan
hojjachuu.
 Yuuniversitii Jimmaa fi Qorannoo Qonnaa Jimmaa waliin Qindoominaan hojjachuu.

9.Akka Hanqinaatti
 Qonni magaalaa imaammataan deeggaramuu dhabuu
 Sirni Ekisteenshiinii Qonna Magaalaa diriiruu dhabuu
 Paakeejiin misooma Qonnaa akka Magaalaatti qoratamuu dhabuu
(Fkn. Kan misooma , midhaanii, Aannanii,Lukkuu, Gabbisa fi Misooma Dammaa)
 Hojjettoota/Ogeessa Qonnaa biratti kaka’umsa hojii walfakkaachuu dhabuu.
 Qonnaan Bulaa naannawa magaalaa fi Jiraataan magaalaa karaa wal fakkaatuun hojii
Qonna magaalaatiif xiyyeeffannoo kennee hojjachuu dhabuu
 Gandoota tokko tokko keessatti Caasaan gandaa hojii qonna magaalaa akka hojii tirfiitti lakkaa’uu fi
ajandaan hojii ijoo isaa guyyaa guyyaa godhatee xiyyeeffannoon hojii qonnaa deeggaruu dhabuu.
 Q/Bultoota naannawa magaalaa biratti sanyii horii fooyyessuu irratti ilaalcha dogongoraa darbee
arbee kan mul’atu ta’uu.
11
Fkn; hormooniin sa’a maseensaa, loon SF Aannan isaa qal’aadha kan jedhuu fi kkf.
 Ogeessi A.I ga’aa ta’uu hafuu
10.Rakkoolee Qunnaman
 Caasaan waajjiraa akkaataa barbaadamuun ogeessa barbaachisu ramadanii hojii saffisiisuuf mijataa
ta’uu dhabuu.

 Gandoota muraasa keessatti Q/Bultootni sanyii horii isaanii fooyyessuu irratti ilaalcha dogongoraa
darbee darbee kan mul’atu ta’uu

 Rakkoon kilinika fayyaa beeyladaa hammaataa ta’uu

 Rakkoo loojiistiikii (Laaptooppii,kompiyutara pirintera, mootorsaayikilii, Konkolaataa fi kkf)

 Rakkoo hanqina baajataa

 Rakkoo dhiheessii:

 Qorichaa, meeshaalee talaallii fi yaalaa beeyladaa

 Rakkoo Dhiheessii Hanqina Paampii Bishaanii

11.Kallattii Fuula Duraa


 Hordoffii fi deeggrsa waajjiraa hanga gandaatti jiru cimsuu
 Hojii kilaastaraa pooteenshaala jiru irratti xiyyeffachuun hojjachuu; (fkn kilaastara aannanii ,
gabbisa horii, Lukkuu,kilaastera kudraa fi mudra, kilaastera midhaanii)
 Ijaarsa Kilinika eegumsa fayyaa horii bara kana jalqabamu hanga dhumaatti hordofuu
 Qindoomina keessaa fi alaa cimsuun wal deeggaraa deemuu
 Qooda fudhattoota/Stake holder hundaa waliin hojjachuu.
 Qonni magaalaa bu’uurarra akka lafa qabatuuf BQO deeggarsaa fi hordoffii Qonna magaalaatiif
godhaa jiru karaa wal irraa hin cinneen caalmaatti cimsee itti fufuun Qonni magaalaa fulduratti akka
tarkaanfatu gochuu.
 Caasaan Qonna Magaalaa akkaataa hanqina ogeessaa jiru guutuun rakkoo Hanqina ogeessaa
gosoota ogummaa garaa garaatiin jiru furuuf tolutti karaa BQO tiin qoratamee hojiitti hiikamuu dha.
 Ilaalcha doogongoraa Q/Bulaa biratti mul’atu sirna eksteenshinii keenyaa fooyyessuun cabsaa
deemuu.
 Hojii Maaddii guutuu akka magaalaa keenyaatti galmaan ga’uuf ciminaan hojjachuu.
 Qooda fudhattootaa fi abbootii dhuunfaa hojii misooma Qonnaa irratti hojjatan waliin hojjachuu
 Muxannoowwaan gaggarii misooma Hojii Qonna Magaalaa irraa irrati argaman qindeessuun
baballisuu.

12
12.Sirna Hordoffii deeggarsaa

 Ogeessi waajjiraa ganda ramadamee gandatti gadi bu’ee deeggarsa ogummaa guchuu
 Cheek liistiin ji’a ji’aan qopheessuun hojii ittiin hordafuu
 Sagantaan Idilee manaajmantii waajjiraa, hojjataa waajjiraa fi hojjataa misoomaa
waliin ji’a ji’aan gaggeessuu.
 Gabaasni guyyaa , torbanii, ji’aa fi kurmaanaan qaama barbaaduuf kennuu.
Hojii Gurguddoo Gabaasa Ji’aa onkololeessa W/ra Qonnaa magaalaa
Garee Qonnaa
Qonna Arfaasaa

 Lafa Qotame kar.He. 939 raw.939

 Lafa Faca’e Kar.He. 939 Raw.865

Qonnaa gannaa

 Lafa qotamee kar.hek 156 rawwii 156


 Lafa faca’ee kar.hek 156 rawwii 156

Misoomaa jellisii

 Lafa qotamee karoora hek 1,415 rawwii 755

Gabbinaa biyyee

 Kompostii qopheessu kar.m2 28,908 rawwii 10,700

Garee Qabenya Beyladaa


1. Baayina loon tajaajila AI kennammef karoora ji’a kana loon 875 raawwiin 2055 %234

2. Jabbiilee sanyii fooyya’aa dhalatan karoora ji’aa kana 313 Raawwiin 511 %163

3. Oomisha Aannanii karoora ji’aa kanaa litira 1,968,775 Raawwiin 2,033,772 %103

4. Cuucii guyyaa tokkoo dhiyessuu karoora ji’aa kanaa 7315 Raawwiin 104,000 %1421

5. lukkuu sokkee dhiyeessuu karoora ji’aa kanaa 4580 Raawwiin 116,500 %2543

13
Garee WHG

1. Kappitaala guddisuu karooraa Waggaa qr. 22,103,796 Raawwiin hanga Ji’a Onkollo. qr.
7,459,830 dhibbeentaa (%) waggairraa % 34 yoo ta’uu
Karoorri ji’a kana qr. 1,841,983 Raawwiin qr.1,864,875 dhibbeenta (%) 101
2. Bu’aa qulquluu qoodu karooraa Waggaa qr. 12,644,304 Raawwiin hanga ji’a Onkollo.
4,223,390 dhibbeentaa (%) waggairraa % 33 yoo ta’uu
Karoorri ji’a kanaa qr.1,053,692 Raawwiinqr. 1,055,996 dhibbeenta(%) 100
3. Qusanno guddisuu karooraa Waggaa 36,888,972 Raawwiin hanga ji’a Onkollo. 12,626,250
dhibbeentaa (%) waggairraa % 34 yoo ta’uu
Karoorri ji’a kana qr. 3,074,081Raawwiin qr. 3,156,765 dhibbeenta (%) 102
4. Liqii Kennuu karoorri Waggaa qr. 29,446,344 Raawwiin hanga ji’a Onkollo. qr. 10,187,417
dhibbeentaa (%) waggairraa % 34 yoota’uu
Karoorri ji’a kana qr. 2,453,862 Raawwiin qr.2,546,825 dhibbeenta (%) 103
5. Liqii deebisuu karoorri Waggaa qr. 22,165,068 Raawwiin hanga ji’a Onkollo. qr. 7,518,420
dhibbeentaa (%) waggairraa % 34 yoo ta’uu
Karoorri ji’a kana qr. 1,847,089 Raawwiin 1,864,365 dhibbeenta (%) 100
6. Yaa’ii waligalaa gaggesuu karooraa Waggaa 42 Raawwiin hanga ji’a Onkollo. 13
dhibbeentaa (%) waggairraa % 31yoota’uu
Karoorri ji’a kanaa 4 Raawwii 3 dhibbeenta (%) 75 rawwatera.
7. Odiitii taasisuu karooraa Waggaa 36 Raawwiin hanga ji’a Onkollo. 10 dhibbeentaa (%)
waggairraa % 28 yoo ta’uu
Karoorri ji’a kana 3 Raawwiin 2 dhibbeenta (%) 66 rawwatera

Guyyaa 13/02/2016

Qaboo yaa’ii

 Sa’aatii Mariin Jelqabamee 5:30

 Sa’aatii Mariin Xumuramee 6:30

 Iddoon marii w/ra Qonnaa M/Jimmaa


14
Hirmaatootaa marii

1.Obboo Abdulaziiz Jamaal

2. “ Daani’eel Fayyisa

3. “ Mahaamadaasan A/Bosan

4 D/r Haabiib Mohaammed

5. “ Gammachu Siiqaa

6 Addee Balaayinesh Gexuu

7. “ Silanaat Yaadata

Qabxii marii

1.Gamagamaa gabaasa Hojii Ji’a onkololeessa ilaala.

Yaadaa mariif murtoo

Koreen maanajimantii w/ra keenya guyyaa har’aa wal geenyee gabaasa Hojii Ji’a onkololeessa
gamagamuun sagalee tokkoon kan irratti waliigalee ta’u mallattoo keenyaan mirkaneesina.

Maqaa Koree Mallattoo Guyyaa

1. Obboo Abdulaziiz Jamaal _________________ ______________________

2. “ Daani’eel Fayyisa _________________ _______________________

3. “ Mahaamdaasan A/Bosan _________________ _______________________

4 “ Mahaamad Jihad ___________________ _______________________

5. “ Gammachu Siiqaa _____________________ _______________________

6. Aadde Balaayinesh Gexuu _____________________ _______________________

7. “ Silanaat Yaadata _____________________ _______________________

15
16
17

You might also like