You are on page 1of 90

Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Karoora Imala Badhaadhina Oromiyaa Waggaa Kudhanii(2013-2022)

Caamsaa 2012
Finfinnee

Email: oromiaplan@gmail.com
1. Seensa
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa Imaammataa fi
tarsiimoowwan mootummaa hojii sirna bulchiinsa gaarii, ijaarsa dimokiraasii
cimsuu fi guddina misooma hawwaas-dinagdee ariifataa itti fufiinsa qabu
mirkaneessuun jireenya uummata naannichaa bu’uura irraa fooyyessuuf
sochiin gama hundaan taasisaa tureera.

Hojiiwwan Komishiniichaan hojjetamaa ture keessaa KGT II (2008-2012)


keessa biyyi keenya biyyoota galii giddu galeessa qaban maddii hiriirsisuuf
kaa’ame milkeessuuf sochii gama hundaan taasifamaa jiru keessatti KKMDO
karoora misoomaa naannoo qopheessuu fi qindeessuun toora sirriin hojii irra
akka oolu taasisuun shoora irraa eegamu bahaa turee jira.

Haaluma kanaan, KKMDO qabeenya akka naannootti argamu hunda


karooraan hogganuun, qindeessuunii fi bifa bu'aa qabeessa ta'een hojiirra
oolchuun fayyadamummaa uummataa dhugoomsaa tureera. Bu’uruma
kanaan, hojiin sirna diriirsuu fi hordoffii fi deeggarsaa bifa itti fufiinsa qabuun
kan gaggeeffamu ta’ee duub-deebii waltajjii marii yeroo yeroodhan seektarootaa
fi qooda fudhattootaa fi dhimmamtoota irraa argamuun itti fayyadamummaa
naannoo keenyaa cimsuun barbaachisaa dha. Milkayina hojii kanaafis kallattii
hundaan carraaqii barbaachisu hunda taasisuun sochii jijjiramaa fi guddina
hawaas-dinagdee naannoo keenya keessatti galmaa’ee fi qajeeltoowwan
imaammataa fi kallattiiwwan KGT II bu’uura godhachuun hariiroo hojii
seektaroota waliin jiruu fi qindoomina hojii sadarkaa sadarkaan jiru cimsuun
murteessaadha. Akkasumas, ummatni fi humnonni misoomaa kanneen biroo
qindomuun hawaasichi misooma nageenyaa fi bulchiinsa gaarii irraa
fayyadamaa akka ta’u taasisuun barbaachiisaa dha.

Bu’uuruma kanaan; xiinxala raawwii hojiiwwan gurguddoo KKMDO KGT II


(bara 2008-2012) fi xiinxala haalawwanii, kallattii karooraa, kaayyoolee fi

1| KIBOKKMDO (2013-2022)
agarsiistuu tarsimo’aa fi hojiilee gurguddoo Karoora Imala Badhaadhina
Oromiyaa kana keessatti hammatamee jira.

Haala Waliigala Oromiyaa

Naannoon oromiyaa akkaataa bu’ura qorannoo GIS dhiyyeenya kanaattin


bal’inni lafa ishee km2 363,375 dha. Godinaalee 21, aanaalee 290, magaaloota
akka aanaatti lakkaa’aman 46, gandoota qotee bulaa 6431 fi gandoota
magaalaa 743 qabdi. Akkasumas, haalli daangeefamni ishee naannoo Tigiraay
irraa kan hafe motummaawwan naannoo biyyatti hunda wajjiin wal
daangeessiti. Kana malees biyyota ollaa karaa liixaatiin Sudaan waliin sarara
daangaa km 66, kibbaan Keeniyaa waliin km 521 dheeratu qabdi. Dheerinni
daangaa akka waligalaatti Oromiyaan qabdu km 5700 yoo ta’u, kana keessaa
inni dheeraan motummaa Naannoo Saboota Sablamootaa fi Ummatoota
Kibbaa waliin kan qabdu km 1860, motummaa naannoo Somaalee waliin km
1410, naannoo Amaaraa waliin km 706, Beenishaangul Gumuz waliin km 690,
naannoo Gaambellaa waliin km 255 fi naannoo Affaar waliin km 164 kan
qabdu dha.

Haalli Qilleensa Naanno Oromiyaa Badda Dareen(%41.6), Baddaan(%7.3),


Gammoojjiin(%49.7), Ho’aan(%1) fi Dhaamootaan/Qorraan(%0.4) dha. Baay’ina
ummataa akka ragaan Komishinii keenyaa mul’isutti Adoleessa bara 2010tti
baay’inni ummataa naannoo Oromiyaa 36,913,256 yoo ta’u bara 2012 keessa
38,899,251 ta’a jedhame tilmaama.

2| KIBOKKMDO (2013-2022)
2. Ka’umsa Karoora Imala Badhaadhina Oromiyaa
Ragaalee fi dokumentoonni karoorichaaf ka’umsa ta’an:-
A. Ragaalee jalqabaa/bu’uuraa addaan baasuu (identifying primary source
of data); ragaaaleen bu’uuraa kunis kan argaman gaafannoo
barreeffamaa, marii fi yaada adda addaa WKMD Godinaalee fi Bulchiinsa
Magaalotaa irraa kanneen walitti qabaman bu’uura godhachuudha.
B. Ragaa duraan kuufamanii jiran(identifying secondary source of data)
kanneen akka dokumentii KGT II KKMDO, xinxala raawwii KGT II,
maanuwaalii SMBKT/BSC KKMDO, kallattii xiyyeeffannoo mootummaa
kan KIBO kkf Komishinii keessatti argaman walitti qabuun.

Haaluma kanaan ragaalee bu’uuraa WKMD sadarkaa sadarkaan jiran irraa


walitti qabuun koreen bu’aa xiinxala gama dhiyeessa, kenninsa tajaajilaa,
ijaarsa dandeettii, gurmaa’insaa fi deeggarsaa fi hordoffii bu’uura
godhaachuun ciminaalee, hanqinaalee fi rakkoolee hojii KGT II keessatti
qunnamaa turan qoratee qophii karoora KIBO waggaa kurnan (2013-2022)
qopheessuuf Godinaalee fi Bulchiinsa Magaalaa irraa argaman ka’umsa kan
godhate dha.

3. Sakatta’insa Mana Hojii /Organizational scan/

3| KIBOKKMDO (2013-2022)
3.1. Xiinxala Aangoo fi Gahee Hojii Komishinii Karooraa fi Misooma
Dinagdee Oromiyaa
Akkaataa Labsii Lakk. 213/2011 baheen Aangoo fi Gahee Hojii KKMDO tiif
seeraan kennaman (Formal Mandate):-

1) Imaammatootaa fi tarsiimowwanii dinagdee mootummaa naannichaa ni


maddisiisa; wixinee isaanii ni qopheessa; qaama ilaaluuf ni dhiyeessa;
yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; hordoffii fi deeggarsa ni taasisa.
2) Tarsiimoowwan misooma diinagdee mootummaa irratti hundaa’uudhaan
karoora misoomaa yeroo dheeraa fi giddu galeessaa mootummaa
naannichaatiin raawwatamu ni qopheessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra
ooluu isaa ni hordofa; ni to’ata;
3) Sirnaa fi kallattii karoora misooma dinagdee naannichaa ni diriirsa;
hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
4) Hammata fiisikaalaa naannichaa yeroo yeroon ni qopheessa; qaama
dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; raawwii isaa ni hordofa;
5) Haala qabatamaa imaammata fiisikaala naannichaa irratti qaamolee
dhimmi ilaalu waliin qorannoo ni gaggeessa; Mana Maree Bulchiinsaa
Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni
oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa;
6) Bu’aa qabeessummaa fi qulqullina raawwii imaammata diinagdee fi
karoora misooma yeroo dheeraa fi giddu-galeessaa naannichaa ni hordofa;
ni gamaaggama; raawwii isaa Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa
Naannichaatiif yeroo yeroon ni dhiyeessa; ni mirkaneessisa;
7) Hammata diinagdee gooroo naannichaa ni qopheessa;
8) Walitti dhufeenya manneen hojii mootummaa naannichaa fi dhaabbilee
deeggartootaa naannicha keessatti argaman cimsuun sirna hordoffii fi
deeggarsaa hirmaachisaa ta’e ni diriirsa; hojiirra ni oolcha; hojiirra akka
oolu ni taasisa;
9) Akkaawuntii diinagdee sadarkaa guddina diinagdee naannichaa agarsiisu
ni qopheessa; Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni
dhiyeessa; ni mirkaneessisa;

4| KIBOKKMDO (2013-2022)
10) Sirni hordoffii fi gamaaggamaa manneen hojii mootummaa naannichaa
biratti beekamee hojiirra akka oolu hubannoo ni uuma; sirnicha
madaqsuufi raawwachiisuun walqabatee tooftaa dandeettiin manneen hojii
mootummaa naannichaa itti cimu ni diriirsa; hojiirra ni oolcha;
11) Pirojektoota misoomaa gurguddoo mootummaa naannichaatiin
gaggeeffaman qaamolee mootummaa naannichaa dhimmi isaan ilaallatu
waliin ta’uun raawwii isaanii ni hordofa; ni madaala;
12) Sagantaalee fi pirojektoota guddina diinagdee naannichaa keessatti
faayidaa olaanaa qabanii fi seektarootaan qophaa’uu hin dandeenye ni
qorata; yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha;
13) Tarsiimoowwan misooma dinagdee mootummaa naannichaa bu’aa
qabeessa taasisuuf sirna istaatistiksii diriirsuun ragaa haala ammayaa’aa
ta’een ni sassaaba; ni qindeessa; ni xiinxala; ni kuusa; ni tamsaasa; ni
maxxansa;
14) Ragaalee hawaas-dinagdee fi qabeenya uumamaa misooma naannichaatiif
barbaachisan ni sassaaba; daataa beezii naannichaa ni hundeessa;
barruulee istaatistiksii, pirofaayilii fi maappiiwwan adda addaa ni
qopheessa; ni maxxansa; ni raabsa;
15) Sagantaaleen imaammata dhimma ummataa irratti hundaa’uudhaan
bahan akka hojiirra oolan ni qindeessa; karooraa fi raawwii isaanii ni
hordofa; ni madaala;
16) Karoora misooma naannichaa kan yeroo dheeraa, giddugaleessaa fi
gabaabaa qopheessuuf kan gargaaran qo’annoo fi qorannoo diinagdee ni
gaggeessa; safartuulee fi ulaagaalee waliigalaa dhimma diinagdee fi
hawwaasummaa ni qopheessa; yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha;
hojiirra akka oolu ni taasisa;
17) Akkaataa qophii fi dhiyeessa karooraa fi pirojektootaa irratti manneen hojii
mootummaa naannichaatiif deeggarsa teeknikaa ni kenna; dandeettii
raawwachiisummaa isaanii ni cimsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;
18) Hojiiwwan agro-ikoloojii naannichaa adda addaa irratti xiyyeeffatamanii
gaggeeffaman ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaanii ni hordofa; akkasumas
karoora misoomaa qopheessudhaaf kan gargaaru ispeshaalaayizeeshinii
5| KIBOKKMDO (2013-2022)
oomishaatii fi haalota dandeettii misoomummaa addaa naannichaa irratti
qo’annoo ni gaggeessa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;
19) Akkaataa imaammata mootummaatiin hirmaannaa kutaa dinagdee
dhuunfaatiin hojiiwwan gaggeeffaman irratti bu’aa fi jijjiirama gama
kanaan mul’atan irratti qorannoo ni gaggeessa; mootummaaf ni dhiyeessa;
20) Haala qabatamaa hawaas-diinagdee naannichaa irratti qaamolee dhimmi
ilaalu waliin qorannoo ni gaggeessa;
21) Sirna ummanni qophii karooraa, hojiirra oolmaa fi hordoffii fi gamaaggama
hojii misoomaa keessatti hirmaachuu itti danda’u ni diriirsa; raawwii isaa
ni hordofa; akkasumas hojii misoomaa hirmaannaa ummataatiin
gaggeeffaman irratti ragaa ni sassaaba; ni madaala;
22) Hojiiwwan qo’annoo qiyyaasa, kaartaa fi ji’ogiraafii guddinaa fi itti fufiinsa
misooma naannichaaf gargaaran ni gaggeessa; akka gaggeeffamu ni
taasisa;
23) Raawwii misoomaa fi imaammata dhimma ummataa irratti sochiiwwan
manneen hojii mootummaa fi miti-mootummaa taasisan ni qindeessa;
qindoominaan ni hojjata.

3.2. Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa (SWOT Analysis)


Manni hojii mootummaa ergama isaa akka raawwatu kan gumaachuu ykn kan
gufachiisu dhiibbaa jijjirama kan keessaa fi kan alaa (siyaasaa, dinagdee,
hawwasummaa fi uumama teknooloojii) irraa kan ka’e dhiibbaan faayidaa
qabuu fi hin qabne kan ittiin adda bahee ilaalamu dha. Kana waan ta’eef
dhiibbaa faayidaa qabu bu’aa itti aanuuf galtee (input) gochuun itti
fayyadamuuf dhiibbaa faayidaa hin qabne irratti hojjechuun dhimmota
rakkisaa ta’an ciminaan mo’atanii xumuruudhaaf naannoo keessa jiran
sakatta’uu fi dhimmoota tarsiimoo’aa ta’an addaan baasuun barbaachisaa
dha.

3.2.1. Xiinxala Haala Keessaa

6| KIBOKKMDO (2013-2022)
 Sanadoota Karoora Tarsiimoo’aa mana hojii duraan adeemsifame xiinxaluu
(review strategic plan document),

 Ragaalee mana hojii xiinxaluu,

 Gaggeessitoota, raawwatoota fi qaamolee dhimmi ilaalu waliin maree


gaggeessuu,

 Mul’ata, ergama fi duudhaalee ijoo mana hojii xiinxaluun akka


barbaachisummaa isaatti fooyyeessuu,

 Qorannoowwan sadarakaa itti quufinsa maamiltootaa beekuudhaaf


qorataman sakatta’uu,

7| KIBOKKMDO (2013-2022)
Gabatee 1. Xiinxala Haala Keessaa

Cimina Dadhabbina
Akka KKMDO tti itti quufinsa maamiltootaa madaaluuf  Agarsiiftuun (indicator) itti quufinsa maamilaa
sirna adda addaa diriirsuu (Saanduqa yaadaa, Galmee akkaataa amala hojiin addaan bahee taa’uu
yaadaa fi Foormaatii adda addaa), dhabuu
 Kenninsa tajaajila keenyaatiin itti quufinsi maamilaa  Gareen hojjechuun hojii keenya milkeessuu
irratti kan xiyyeeffatee ta’uu, qabna amantaan jedhu hojjataas ta'e
 Kenniinsi tajaajilaa KKMD kennamu baasii, yeroo fi hooggansa biratti haala barbaadamuun
qulqullina irratti xiyyeeffatee kan gurmaa’e ta’uu isaa, qabatamuu fi hojiirra ooluu irratti harcaatii
 Kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkootti gurmeessuu irraa qabaachuu.
kan ka’e tajaajilaa adda addaa saffinaa fi qulqullinaan  Weeb-sayitii mana hojii keenyaatti
kennuun danda’ameera, fayyadamuun odeeffannoo fi ragaalee guutuu fi
 Akka KKMDOttis ta’ee akka hojjetaa dhuunfaatti itti wayitaawaa ta'e bifa idilaawaa ta'een gadi
fayyadama teknoolojii sadarkaa gaarii irra jiraachuu lakkisuu dadhabuu;
isaa  Bittaan gaggeeffamu yeroo fi qulqullinaan
 Muuxannoowwan gaggaarii argaman fudhachuu fi raawwatamuu dhabuu
hojii irra oolchuu,  Komii maamiltootaa keessummeessuun
 Fedhiin barnootaa gama hojjetootaan jiruu fi deeggarsi barbaachisaa ta’uun itti amanamee haalli
KKMDO taasisu jijjirama jiru waliin deemuuf mijaa’aan kan uumame ta’us malee, sirna
tattaaffiin godhamaa jira, diriire hordofanii tarkaanfii sirreeffamaa
 Sirna baajataa diriireen itti fayyadamni baajataa fudhachuun kan hin baratamne ta’uu,
fooyya’uu isaa,  Bulchiinsa qabeenyaa hojirraa oolchuuf mana
 Qabeenya muraasa jiru qusannoon itti fayyadamuu kuusaamijataata’e jiraachuu dhabuu
irratti fooyya’iinsi dhufuu isaa,  Qoodinsi baajataa Godinaalee gidduutti
 Sirna hojii irraa oolmaa fi to’annoo maallaqaa diriire qoodamu irratti qulqullinnii fi ga’uumsi ragaa
irratti hundaa’uunqisaasama maallaqaa xiqqeessuu ulaagaa baajataa hanqina kan qabu ta’uu,
 Sirna karooraa, hordoffii fi gamaaggamaa akkasumas  Qorannoon Kallattii xiyyeeffannoo misoomaa
duub-deebii hirmaachisaa ta’e sadarkaa adda gaggeeessuun qaama dhimmi ilaallatu
addaatti qophaa’uu fi hojii irra oolu isaa, hubachiisuu irratti laafaa ta’uu,
 Sirni Bulchiinsa ragaa fi Odeeffannoo ammayyeessuuf  Walitti dhufeenyii fi qindoominni hojii
hojjetamaa jiraachuu (Ragaa bajataa fihawaas- adeemsaalee mana hojii giddu jiru; akkasumas
dinagdee), mana hojichaa fi manneen hojii Mootummaaa
 Haalli komee keessumeessuu mijaa’eera, sadarkaa sadarkaan jiran gidduu jiru lafaa
 Miirrii gareen hojjechuu fooyya’aa kan dhufe ta’uu ta’uun saffinaa fi qulqullina hojii
8| KIBOKKMDO (2013-2022)
 Hojii safaranii kennuu fi fudhachuun jalqabameera Komishinichaa irratti rakkoo ta’uu.
 Dhiyeessi horataalee (furniture and Equipment) mana  Hojii irra oolmaa riifoormii haala itti fufinsa
hojii gaarii ta’uu ta’een hojiirra olchuu dhabuu,
 Sadarkaa Komishiniitti konkolaataan hojiif  Sadarkaa Godinaa fi magaalotaarratti hanqinni
barbaachisan muraasni jiraachuu isaa loojestiksii (geejjiba,komputara fi kkf) kan jiru
 Web-saayitiin KKMDO odeeffaannoo Komishinichaa ta`uu isaa,
kan ibsu jiraachuu  Sadarkaa Komishinii, Godinaalee fi
 Leenjii gaggabaabaa biyya keessaa fi biyya alaa kan Bul/Magaalootaatti haalli dhiphinaa fi
kennamu ta’uu isaa, taa’umsaa waajjiraa hojiif kan hin mijoofne
 Sadarkaa adda addaatti hojjetaa aangeessuu fi gareen ta’uu,
hojjechuu,  Leenjii fi deggarsi hojii ogeeyyi Komishinii
keenyaatiin manneen hojii sadarkaa sadarkaan
jiraniif kennamu bal’aa fi murteessa dha.
Haata’u malee dandeetti ogeeyyii Komishinii
kanaa cimsuuf leenjiin kennamu gahaa ta’uu
dhabuu;
 Leenjiin kennamu karooraan hoogganamuu
dhabuu fi jijjirama isaa madaaluu dhabuu
 Labsii, danbii fi qajeelfamoota raawwii irratti
hanqina qaban yeroodhaan hordofanii qaawwa
jiruuf furmaata akka kennamu gochuu
dhabuu,
 Haala qabatamaa jiru irratti hundaa’anii
karoorsuuf hanqinni ragaa jiraachuu,
 Raawwii karooraa madaaluun tarkaanfii
sirreeffaamaa yeroon fudhachuu hanqinni
jiraachuu,
 Maxxansi adda addaayeeroodhaan
maxxanfame dhiyyaachuu dhabuu

9| KIBOKKMDO (2013-2022)
3.2.2. Xiinxala Haala Alaa (External analysis)
Xiinxala haala alaa adeemsisuuf haalonni barataman siyaasa, dinagdee,
hawwasummaa fi teeknoolojii haala qabatamaa mana hojichaatiin quunnamtii
qaban xiinxaluu dha. Manni hojii xiinxala kana yeroo raawwatu haalota addunyaa
irratti uumaman hunda xiinxaluun irraa hin eegamu. Kanaafuu, aangoo fi itti
gaafatamummaa mootummaan kennameef akkasumas ergama kennameefiin
walitti dhufeenya kan qaban adda baasuudhaan of-eeggannoon sakatta’uu qaba.
Keessumaayyuu xiinxala haala keessaa gahaa fi odeeffaannoo guutuu argachuuf
kallattiiwwan madaallii arfaniin (four perspective) ilaaluun baay’ee barbaachisaa
dha.

10 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Gabatee 2. Xiinxala Haala Alaa

Carraa Sodaa
 Kutannoon siyaasaa, misooma itti fufiinsa  Waliigalteen biyyooleessaa uumamuu baannaan
qabuu fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu
taasgabbii siyaasaa fi nageenyaa dhabamsiisuu
jiraachuu,
 Imaammataa fi tarsiimoon ifaa fi hojiitti danda`a
jijjjiramuu danda’u jiraachuu,
 Haala tasgabbii gabaa hojii karoorsine milkeessuu
 Sirni galii fooyya’aa deemuun madda
maallaqaa naanichaa kan guddise keessatti sodaa ta’uu danda`a,
ta’uu(GDP),
 Haalli sharafa alaa (hard currency) fedhii fi dhiyeessii
 Dinagdee naannoo keenyaa fooyyessuuf
sochiin godhamaa jiru hojii Komishinii walimadaalichisuu irratti dhiibbaa gochuu danda`a
keenyaaf haala mijaa`aa kan uumu ta`uu.
 Walitti dhufeenyi manneen hojii wajjin qabnu laafaa
 Imaammanni Wal-qixxummaan saalaa
mirkaneessu jiraachuufi misooma keessatti ta’uu
shoora ol-aanaa qabaachuu,
 Hojii dhabdummaan (unemployment) xiyyeeffannaa
 Babali’inni teknoolojii adda addaa kan akka
interneetii fi “wireless communication” hojii yoo argachuu baate tasgabbii hawaasummaa
Komishinii karooraa fi misooma dinagdee
dhabamsiisuu danda`a.
ariifachiisuu fi qulqullina isaa dabaluu
keessatti ga’ee ol-aanaa qabaachuu  Hanqina Loojistikii
 Teessoon KKMDO magaalaa Finfinnee ta’uu
 Ibsaa fi cicitiinsi ‘Network’ akka amma jirutti yoo itti
irraa kan ka’e deeggarsa teeknikaa
qaamoolee Feedeeraalaa fi deggartoota fufe hojii keenya galmaan gahuu irratti dhibbaa
misoomaa irraa argachuuf haala mijataan
gochuu danda`a.
jiraachuu,

11 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
4. Maamiltootaa fi Dhimmamtoota KKMDO
4.1. Maamiltoota (Customers)
a) Waajjira Caffee Naannoo Oromiyaa

b) Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

c) Manneen hojii (Naannoo,Godina,Aanaa,Magaalaa)

d) Uummata Naannichaa

e) Ejansii Istaatistiksii Giddu-Galeessaa (CSA).

f) Dhaabbilee Miti-Mootummaa Naannoo keenya keessatti hojjatan

g) Qaamolee Mootummaa Federaalaa

h) Dhaabbilee Barnoota Olaanoo (Yunvarsiitoota, Barattoota, Qorattoota…)

i) Giddu gala Qorannoo fi Gorsitoota adda addaa

j) Deggartoota misoomaa(multi-lateral and bi-lateral agencies)

k) Abbootii qabeenyaa dhunfaa kanneen ragaa poteenshaalaa barbaadan

l) Manneen hojii Mootummaa Naannolee

4.2. Dhimmamtoota/Stakeholders/
a) Manneen hojii (BMWDO, Godina, Magaalaa)

b) Arjomtota

c) Dhaabbilee Misoomaa adda addaa (Baankii,Poostaa,


Ibsaa,Telekominikeeshinii fi kkf)

d) Komishinii Karoora Feederaalaa

e) Ejansii Istaastiksii Giddugaleessaa (Central Statistics Agency)-CSA

12 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
f) Yunivarsitii fi Kolleejjota adda addaa,

g) Dhaabbilee Miti-Mootummaa Naannoo keenya keessatti hojjatan

h) Dhaabbata Kaartaa Federaalaa…kkf

5. Ergama, Mul’ata,fi Duudhaalee Mana Hojii


Tarsiimoo mana hojii hundeessuun dura hoggansi sadarkaa adda addaa sababa
manni hojichaa dhaabbateef (purpose), Duudhalee (values), bu’aa fi fedhii gara
fuulduraa irratti waliigaluun barbaachisaadha.Kanaafuu, ergamnii fi duudhaaleen
mana hojii tokkoo yeroo dheeraaf turuu ni malu. Mul’anni akka ergamaa fi
duudhaalee mana hojii yeroo dheeraa turuu irra waggoota sadii hanga shanii
karoora tarsiimoo’aa keessatti kan turuu dha.

Mootummaan naannoo misooma hawwas-dinagdee naannoo keenyaa haala


ariifataa fi ittifufiinsa qabuun guddisuun jiruu fi jireenya uummataa jijjiiruu fi
hiyyummaa keessaa baasuuf qaama karoora misooma naannoo hogganuu fi
gaggeessu dhaabuun sochiin jajjabeessaa ta’e taasifamaa jira. Mul'atni, ergamnii fi
dhuudhaaleen Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa bal'aa yoo ta'u
isaaniis akka armaan gaditti tarreeffamaniiru;

5.1. Ergama (Mission)

Karoora misooma hawaas-dinagdee naannichaa beekumsaan oogganuun itti


fufiinsa guddina hawaas- dinagdee fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu;

5.2. Mul'ata (Vision)


Jiruu fi jireenya uummata naannichaa itti fufiinsaan jijjiiruu keessatti handhuura
hoggansa karoora misoomaa ta’ee argamuu;

5.3. Duudhaalee Mana Hojii (Values)


Duudhaalee ykn sonawwan gaarii Komishiniin Karoora Misoomaa qabukanneen
armaan gaditti tarreeffamaniidha:-
 Mul’ata walinii (Shared Vision)

13 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Hojjatootni mana hojii keenyaa hojii sadarkaa adda addatti raawwatan
bu’aawwanii fi milkaa'ina mana hojichaa irraa eegaman fiduu fi mul’ata mana
hojichaa dhugoomsu keessatti gahee ol'aanaa qabaachuu isaa beekuun hojii
hojjetan ergamaa fi mul’ata kaa’ameef kan gumaachu ta’uusaa hubachuun hojicha
hariiroo cimaa fi qindoomina guddaan raawwachuu qabu.
 Hawwii Jijjiramaa (Optimistism and Passion for Results)

Hojjettootni Komishinichaa haala qabatama adunyaa, biyyaa fi naannoo keenyaa


sirriitti hubachuun, imaammataa fi tarsiimoo misooma naannoo hojimaataa fi
muuxannoowwan gaggaarii jiran waliin wal-simsiisuun tajaajila irraa barbaadamu
gahumsaa fi qulqullinaan keennuun guddina ariifachiisaa mirkaneessuuf
mul'ataa fi kaka'uumsa qabachuu qabu.
 Gahumsa Ogummaa fi Naamusa/Professionalism and Ethical Values/

Tajaajila si'ataa fi qulqullina qabu kennuu keessatti gahumsi ogummaa


(professional competence) fi naamusa gaarii (moral standards) qabaachuun
murteessaadha. Kanaafuu, hojjetaan Komishinichaa hojii irratti ramadamee
hojjachaa jiru haala gahumsa qabuu fi hammayyaa'een gahee isaa akka bahu kan
dandeesissu carraa argameen ogummaa isaa fooyyessuun barbaachisaadha.
Haaluma walfakkaatuun, qajeeltowwan namusaa fi ejjannoo gaarii gonfachuunii fi
hojiirra oolchuun gahee lammummaa isaa bahuun fakkeenya ta'uu qaba.
 Hirmaachisummaa (Participatory)

Sochii guddina misoomaa ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti


hirmaannaan uummataa fi qaamolee adda addaa (dargaggootaa, qaamolee
hawwaasaa, dubartootaa fi kkf) murteessaadha.Kanaafuu, gahee fi aangoo
Komishinichaaf kennaman galmaan gahuu keessatti hirmaachisummaan
qaamolee adda addaa bal’inaan barbaachisaa fi murteessaa waan ta’eef aadaan
hirmaachisummaa hojjettoota komishinichaa bal’inaan dagaaguu qaba.
 Haqummaa (Fairness)

14 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Komishiniin keenya misooma hawaas-diinagdee naannichaa haala ariifataa fi
ittifufiinsa qabuun guddisuun jiruu fi jireenya uummataa jijjiiruu fi hiyyummaa
keessaa akka bahu gochuu fi akkasumas lammiin hundi misooma argamu haala
haqa qabeessa ta’een akka itti fayyadamu taasisuu keessatti gahee ol’aanaa qaba.
Waan ta’eefis, hojjettotni Komishinichaa sona kana horachuu fi qabaachuu qabu.
 Iftoomina (Transparency)

Hojiirra oolmaan bulchiinsa gaarii biyya tokko keessatti jiraachuun isaa kan ittiin
mirkanaa`u hojii raawwatamu kamiyyuu keessaatti iftoominni yoo jiraateedha.
Komishiniin keenya karoora misoomaa karoorsu kamiyyuu fedhii fi ragaa
qabatamaarratti hundaa'uun karoorsuu irraa hanga hojiirra oolmaa isaa
mirkaneessuun galma gahiinsa ergamaa fi mul`ata isaa milkeessuu keessaatti
barbaachisummaan iftoominaa ol’aanaadha.Kanaafuu, qabeenya muraasa jiru bifa
haqa qabeessa ta'een hojiirra oolchuu fi misooma walgitiinsa qabu fiduu keessatti
hojjettootni hundinuu iftoomina guutuu ta’een gahee isaanii bahuu qabu.
 Miira Tajaajiltummaa

Tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu kennuu keessatti qamni tajaajila kennu


kamiyyuu maaliif akka hojjetuu fi eenyuuf akka hojjetu sirriitti adda baasee
beekee itti amanee yoo fudhateedha.Kanaafuu, ooggansa dabalatee raawwataan
kamiyyuu iddoo ramadametti gahee isaa haala bu’aa qabeessa ta’een
raawwachuun dirqama lammummaa ta`uu beekuun tajaajila saffisaa, qulqullina
qabuu fi bu’aa qabeessa ta’e hawaasaaf kennuu akka qabu aadaa hojii yoo
godhatee dha.Waan ta’eefis, akka Komishinii keenyaatti miira tajaajiltummaa
qabachuun dirqamaa fi duudhaa mana hojii ta`uu qaba.
 Karooraan Oogganamuu

Guddinaa fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu fi qabeenya muraasa jiru


bifa bu`a qabeessa ta`een hojiirra olchuun hiyyummaa balleessuun kan
danda`amu naannoon keenya karooraan yoo hoggannameedha. Kunis kan
mirkanaa`uu danda`u qabeenya muraasa jiru qusannaan, karooaa fi yeroon
hojiirra olchuun yoo danda`aame qofaadha. Kanaafuu, Komishiniin keenya aangoo

15 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
karoora yeroo dheeraa fi giddugaleessaa naannichaa qopheessuu fi oogganuu qabu
sirnaan gaggeessuuf aadaa karooraan ooganaamuu akka duudhaa isaatti qabatee
naannicha keessatti dagaagisuun hojjachuu qaba.
 Ittigaaffatamummaa

Adeemsa hojii keessatti hojjetaan kamiyyuu iddoo ramadametti aangeffamee


ittigaafatamummaa guutuun dirqama lammummaa isaa ba’uu qaba.Kanaafuu,
akka Komishinii keenyaatti hojjettootni, ogeessotni fi gaggeesitonni sadarkaan
jiran hojii hojjetamu hundarratti ittigaafatamummaa guutuun hanga dhumaatti
hojjechuu qabu.

6. Toora Xiyyeeffannoo fi Bu’aawwan Toora Xiyyeeffannoo


Toora Xiyyeeffannoo fi Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo tarsimoo’aan hojii guddaa
Komishiniichaakan ibsuu fi kallattii xiyyeffanno kan mul’isu ‘utubaalee
milkaa’inaa’ (pillar of excellence) mana hojichaati.

LakkToora Xiyyeeffannoo(Strategic Bu’aawwan Tarsiimoo’aa (Strategic Results)


Theme)

1 Karoora Misooma fi Istaatiksii Misooma haawas-dinagdee itti fufiinsaan


Naannoo galmaa`e

2 Gamaggama Raawwii Raawwii karooraa kallattii barbaadameen


karooraa fi Qorannoo hojiirra olmaan mirkana`e
Imaammataa

7. Raawwii Gurguddoo Waggoottan Shanan Darbanii(2008-2012) fi


Dhimmoota Xiyyeeffannoo Barbaadan
7.1. Hojii Riifoormii
Hojiiwwan karoorfaman haala karorfamaniin galmaan ga’uuf ijaarsaa raayyaa
jijjiiramaa sadarkaa sadarkaan gurmaa’een karoora raawwii qorachaa deemuu, wal
ijaaraa deemuun raawwiin karooraa akka dabaluu taasisee jira.

16 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Hojiilee riifoormii keessattuu, hojiilee Jijjiirama Bu’uraa Adeemsa Hojii (JBAH) fi
hojiilee Sirna Madaallii Bu’aa Karoora Tarsiima’aa (SMBKT) hojii irra oolchuuf
sochiin gaariin jiraatus; hudhaalee ilaalchaa fi dandeettii raawwachiisummaa
hoggansaa fi raawwataa biratti mul’atan cabsuun jijjiirama barbaadamuu fiduu
irratti hanqinaaleen kan mul’atan waan ta’eef hojii xiyyeeffannoo barbaadudha.
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa kenninsa tajaajilaa
fooyyessuun itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessuun kan dandeessisu
qorannoo jijjiirama bu’uura adeemsa hojii xumuruun sadarkaa hundaatti hojii
ittiin hojjetamaa jira. Kessattuu; sadarkaa godinaa fi bulchiinsa magaalaa JBAH
qoratee hojirra oolee itti quufinsa tajaajilamtota kan dabalee jiru ta’uusaa
hubachuun danda’ameera. Haata’u malee, bakka hir’inni jirutti irra deebi'uun
qorachuun adeemsa, yaa'insa, caasaa fi istandardiin hojii akka fooyya'u ta'ee hojiif
qophaa’ee jira. Isataandarii hojii fi hojimaata jiru irratti hundaa'udhaan
chaartariin lammilee qophaa'e irratti mari’achuudhaan akka itti
hojjatamuufqophaa’ee jira.

7.2. Raawwii Gurguddoo


7.2.1. Karoora Misooma

Komishiniin Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa qabeenya akka naannootti


argamu hunda karooran oogganuun, qindeessuunii fi bifa bu'aa qabeessa ta'een
hojiirra oolchuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun hojii ijoo
KKMDOtiif kennameedha. Haaluma kanaan, xinxallii hojiiwwan gurguddoo
waggoottan dabran keessatti hojjataman haala armaan gaditiin dhiyaateera.
Sirna Hirmaannaa Hawaasaa cimsuu
Baroottan dabran keessatti malootni adda addaa uummata ittiin hirmaachifnu
sadarkaa adda addaatti hojiirra oolaa jiranus malootni/toftaaleen fayyadamaa
turre haala walfakkatuun waan hin turreef bu’aa gama kanaan eegamu
mirkaneessuu hin dandeenye. Hanqina gama kanaan jiru furuu fi hirmaannaa
uummataa cimsuuf sirni Karoora Qindawaa fi Hirmaachisaa Uummataan
Qophaa’u (KQHHQ) akka Naannootti hojiirra oolaa jira. Haaluma kanaan, sirna

17 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
qophii karooraa diriirsuutiin walqabatee, karoorri akka naannootti qophaa’u
hirmaannaa hawaasaa akka qabaatuu taasisuu keessatti jalqabbiin sirna KQHHQ
hojiirra oolchuuf taasifame quubsaa ta’uu baatus gaariidha.Sirna kana diriirsuuf
hojiin dookumantiiwwan qopheessuu fi leenjiiwwan kennuu isaan ijoodha.Yeroo
ammaa deeggarsa baajata dhaabbata UNICEF irraa argameen sagantaan kun
aanaalee 63 keessatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u baajata dabalataa
mootummaan ramadeen walumagalatti aanaalee 197 keessatti akka babal’atu
ta’eera. Haata’u malee, leenjiin sagantaa kana hojiirra oolchuuf barbaachisu
aanaalee kanaaf kan kenname ta’us, bakka hundattuu bifa walfakkaatuun hojiirra
olchuu irratti hanqinni kan jiru ta’uun hubatamee jira.
Qophii Dookumantiiwwanii

Adeemsi qophii fi hojiirra oolmaa karooraa misoomaa sirna akka qabaatuu fi haala
qabatamaa jiruun hojiirra oolchuuf qajeelfamootaa fi maanuwaliiwwaniin
deeggaramuun barbaachisaadha. Adeemsi kun fedhii misooma hawaasa keenyaa
kan deebisuu dandeessisu ta’uu qaba. Kanaafuu, hojiirra oolmaa sirnootaa fi
qajeelfamoota karoora misoomaa cimsuuf maanuwaaliwwan hojii qopheessuun
hojii murteessaadha.
Haaluma kanaan, waggoottan darban keessatti sochiin gama kanaan taasifame
kan nama jajjabeessuudha. Dokumantiiwwan maanuwaalii qophii fi Bulchiinsa
Pirojektii fi karoora tarsiima’aa akka qophaa’u ta’eera. Akkasumas, hojiirra oolmaa
KQHHQ keessatti duub-deebii yeroo adda addaa dirreerraa argamee fi fedhii
jirurratti hundaa’uun dookumantiin KQHHQ (Manual and Field Guides) irra
deebiin akka fooyya’u ta’eera.Gama biraatiin, sirna kana haala qindoomina qabuu
fi guutuu ta’een hojiirra oolchuuf qajeelfamni tokko qophaa’ee MNOf akka
dhiyaatu ta’eera.
Karoora karoorfame kamiyyuu bu’aa qabeessa gochuu keessatti, eessa akka jirru,
kallattii kam irra akka jirruu fi iddoo gahuuf barbaadamerraa hagam fagaannee
akka jirru beekuufi akkasumas adeemsa hojii keenya raawwii fi karoora
karoorfame waliin madaaluuf agarsiiftuuwwan misoomaa ifa ta’an adda
baafachuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan, hanqinoota jiran furuuf

18 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
dookumantiin Agarsiiftota Misoomaa (Development Indicators) qophaa’ee hojiirra
akka oolu ta’ee jira.
Karoora Misoomaa Yeroo Dheeraa fi Giddu Galeessaa Qopheessuu
Akkuma beekamu, gahee guddaan mana hojii keenyaaf kenname keessaa qophiin
karoora misoomaa yeroo dheeraa fi giddu-galeessaa isa ijoodha.Kallattii karoora
waggaa kudhanii (2013-2022) fi karoora misooma waggaa shanii (2013-2017)
kallattii misoomaa akka biyyaatti jiruu fi bu’aa gamaaggama karoora waggaa
shanan dabre (KGT II) irratti hundaa’ee akka qophaa’u qindoominaan hojjatamaa
jira.Keessumaa, hojiin hubannoo uumuu sadarkaa hundatti kan adeemsifame yoo
ta’u hojimaata jirurratti hundaa’eehojiin kun sirna hordoffii, deeggarsaa fi duub-
deebii cimaa ta’een akka oogganamu ta’ee jira.
Karoorri misoomaa yeroo dheeraa fi giddu galeessaa kun qulqullinaa
barbaadamuunii fi kallattii yaadameen qopheessuuf dookumantiiwwan adda
addaa hubannoo waliigalaa uumuu fi ka’uumsaaf barbaachisan akka qophaa’an
ta’ee jira. Haaluma kanaan, waltajjiiwwan mariiyeroo adda addaa adeemsifameen
gaggeessitootnii fi ogeessotni sadarkaa Naannoo, Godinaalee fi Bulchiinsa
Magaalotaa 431 ta’an (Dhalaa=63) hubannoo akka argatan ta’eera.
Akkasumas, kallattii KKMDO irraa dabruun, manneen hojii hundinuu akkaataa
xiyyeeffannaa fi kallattii mana hojii isaaniif laatameen xiinxala gadi-faggeenya
qabu gaggeessuun ragaa ka’uumsaaf ta’u qopheessurratti xiyyeeffatanii akka
hojjatan deeggarsi taasifameera.Haaluma walfakkaatuun, hojii kana haala
sagantaa biyoolessaa waliin walsimeen akka gaggeeffamu taasisuuf walitti
dhufeenyii fi qindoominni hojii seektaaroota Naannoo, godina, aanaalee fi
Bulchiinsa magaalotaa waliin qabnu akka cimu xiyyeeffannoon hojjatameera.

7.2.2. Xiinxala Qophii Pirofaaylii Hawaas Dinagdee, ‘GIS’ fi Kaartaa


Qophiin pirofaayilii hawaas-dinagdee fi ‘GIS’ hojiiwwan gurguddoo raawwatu
keessaa pirofaayilii naannoo, godinaalee fi aanaalee akkasumas kaartaawwan
daangaa, facaatii bu’uuraalee misoomaa fi qabeenya uumamaa agarsiisan
akkasumas ‘shapefile’godinaalee fi aanaalee qopheessuun itti fayyadamtootaaf

19 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
tajaajila kennuu yoo ta’u KGT II keessatti xiinxalli haala raawwii hojiiwwan kanaa
ilaalchisee jirus akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Qophii Pirofaayilii Hawaas-Dinagdee

Qophiin pirofaayilii hawaas dinagdee qajeelfama (Guideline) hojii kanaaf qophaa’e


hordofee kan gaggeeffamu yoo ta’u kanneen keessaa carraa misoomaa jiru,
bu’uuraalee misoomaa, rakkoowwan hawaasummaa fi dinagdee mul’atan kanneen
ijoo yoo ta’an raawwiin gama kanaan jirus akka armaan gaditti dhiyaatee jira;

 Sooshioo-Ikoonomiik Piroofaayilii Naannoo jildii 5ffaa ragaa bara 2007 hanga


2010tti jiruun qopheessuu/haaromsuu, maxxansiisuu, tajaajila akka kennu
gochuun akkuma karoorfametti raawwatameera,
 Dokumantii ‘Oromiya In Brief- Part IX’ ragaa hawaas-dinagdee bara (2008-
2010) tti jiruun qopheessuu/haaromsuu, maxxansuu, tajaajila akka kennu
gochuun raawwatameera.
 Sooshioo-Ikoonomiik Piroofaayilii godinaalee jahaa fi aanaalee isaanii
daa’immanii fi haadholee irratti xiyyeeffate godinaalee waliin ta’uun ragaa
bara 2007nii fi 2008tiin qopheessuu/haaromsuu, idiitii gochuu, ragaa
sadarkaa Naannootti jiruun gabbisuun xumuruu, maxxansuu, raabsuu kan
godinaalee 4 fi aanaalee isaanii xumurameera.
 Sooshioo-Ikoonomiik Piroofaayilii daa’immanii fi haadholee irratti
xiyyeeffatee diraaftii godinaalee 20, aanaalee fi magaalota 336 ragaa hawaas-
diinagdee bara waggaa lama lamaan (2008-2010)tti karaa godinaatiin
qopheesisuu, hordofuu, deeggarsa teekniikaa fi ogummaa kennuun
xumursiissuuf karoorfamee deeggarsi barbaachisu taasifameera,
dokumantootnis qophaa’aa jiru,
 Ittifayyadamtoota ragaaf deegarsa barbaachisaata ta’e kennuu fi hojjiwaan

qaama adda addaa irraa dabalataan kennaman hojjachuunis

raawwatameera.

‘GIS’ fi Kaartaa

20 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
 Atilaasii Naannoo fi godinaalee facaatii ragaalee bu’uuraa misoomaa

(Regional and zonal Rural Facilities Atlas) agarsiisan hojjechuu, xumuruu,

tajaajila akka kennan gochuun kan godinaalee hundumaa haaluma

karooraatiin raawwatamaniiru,

 Kaartolee facaatii qabeenya uumamaa, hawaas-dinagdee fi daangaa

bulchiinsaa agarsiisanii fi kan biroo qophii ‘Rural Facilities of Oromiya and

20 Zones’ barbaachisan adda addaa sadarkaa fi iskeelii adda addaatiin

‘GIS’iidhaan hojjechuu, tajaajila akka kennan gochuu ilaalchisee 160

hojjetamniiru,

 ’Shape file’ii daangaa bulchiinsaa, godinaale, aanaalee fi gandoolee

baadiyyaa agarsiisan kanneen godinaalee jahaa hojjechuun xumuramee

hojiirra akka oolu taasifameera;

 Hojii kuusaa ragaa ’devinfo’ waliin walqabatee hojjetamuuf ’shapefile’ yeroo


yeroodhan haaromsuu fi qopheessuun hojiin ragaa galchuu akka
raawwatamuuf haala mijeessuun raawwatameera,haa ta’u malee dhimma
kanaan walqabatee bara 2010 irraa eegalee ’shape file’ kanaafi kuusaa ragaa
kana walitti firoomsuun waan hin danda’amneef hojicha haala
barbaadamuun raawwachuu hin dandeenye;
 Ittifayyadamtoota ragaa fi informeeshinii Naannoof deegarsa barbaachisa ta’e
kennuu fi hojjiwaan qaama adda addaa irraa kennaman hojjachuu
ilaalchisee tajaajilamtoota dhiyaataniif hundumaaf tajaajilli barbaachius
kennameera; hojjiin dabalataas raawwatamaa tureera.

7.2.3. Istaatistiksii Naannoo


Karoorri misooma itti fufiinsa qabu galmeesisuu danda’u kan qophaa’u ragaa fi
informeeshinii hawaas-diinagdee, qabeenya uumamaa fi kan biroo qulqulluu,

21 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
amansiisaa fi wayitawaa ta’e irratti hundaa’e yoo qohaa’ee fi yoo raawatameedha.
Kunis waggoota shanan(2009-2012) darban keessatti gama ragaa fi informeeshinii
haawaas-dinagdee haala qabatamaa Naannootiin ragaaleen galtee karooraaf akka
ta’an qindaa’aa tuuraniiruu. Haaluma kanaan, raawwiin hojiiwwan gurguddoo
waggoottan darban keessatti hojjataman haala armaan gaditiin dhiyaateera.
Istaastikaal Abstiraaktii Naannoo Qopheessuu
Hojiilee gurgguddoo hojjechuuf karoorfame keessaa inni ijoon kan ta’ee
Istaatistikaal Abstiraaktii Naannoo jildii 15ffaa-18ffaatti qopheessuu, ennaa ta’u
waggottan darban keessattijildii 15ffaa-18ffaatti jiru hojjetamee ragaalee haala
qiindoomina qabaniin akka ta’uufi ragaalee sassaabamanii maxanfaman kun
galtee karoora waggaa 5ffaa fi 10ffaa taniiruu. Akkasumas, Istaatistikaal Pookkeettii
ykn ‘Facts and Figures’ Naannoo jildiin 6ffaa-9ffaabara baraan qopheessuu,
maxxansiisuu, raabsuun fayyadamtootni ragaa qindaa’ee haala salphaa ta’een
akka itti fayyadaman ta’eera.

Qophii Ulaagaa Qooddii Baajata Aanaalee

Misoomaa madaalawaa naannoo keenyaa keessatti akka mirkana’uu gochuuf


ragaa qulqulluu irratti qofa hundaa’uunhaaqa qabeessummaa qooddinsa baajata
aanaalee baroota darban keessattii qopheessuun ragaalee qooddii baajata aanaalee
bara (2009-2012) ragaalee barbaachisan waliitti qabuun, ragaalee sakkatta’uun
qulqullina isaanii mirkaneessuudhaan xiinxaluun fi qindeessuun qaama dhimmi
ilaallatuufBMWDOtiif darbeera.
Qabiinsa Ragaa Ammayyeessuu

Ragaalee qabeenya uumamaa fi hawaas-diinagdee Naannoo qulqulluu, amansiisaa


fi wayitaa ta’aan sassaabuu/sassaabsisuu, qindeessuu fi haala qabatama
Naannoo, godinaalee, aanaalee, magaalotaa fi gandoota isaa gama hundaan
calaqqisiissan bifa adda addaatiinqopheesuudha. Haaluuma kanaan ragaa
hammayyaa Oromiyaa’Devinfo’tti fayyadamuun ragaa hawaas-diinagdee adda
addaa bara 2009 fi 2010 qindessuun galchuun haaromsuu, tajaajiila akka keennu
gochuu, dokumantii qophessuun maxxansuun tajaajilaaf akka oolu ta’eera.

22 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Qophii Dookumantiiwwanii Istaatistiksii

Ragaalee waggoota bara (2003-2011) sassaabamanii xinxalamanii maxxanffaman


akka Istaastistikaal Abstraaktii Naannoo jiran irraa ragaalee walittii qabuudhaan
sektaroota afur; Barnoota, Fayyaa, Qonnaa fi Bishaan Albuda fi Inarjii irrattii
xinxala gadi-fagoo gaggeessuun dokumantii afur qopheesusuun maxxansaaf
qophaa’eera. Gama biraatiin, hojiin ragaa xiyyeeffannoo akka argatuu fi itti
gaafatamuummaan akka jiraatu taasiisuuf wixinee labsii Istaatistiksii Naannoon
qaamni ilallatuu akka mirkaneesuu qophaa’eera. Akkasuumas ‘Socio-economic
indicators’ragaalee bu’uraa bara baraan sassaabaman itti fayyadamuun
dokumantii qopheessuun maxxansiisuun fayyadamtootaa dhaabileen mootuumaa
fi Yunivarsitootni adda adaatiif mada ragaa taé’era.

Deeggarsa, Hordoffii fi Gamaaggama

Ragaalee bu’uraa Godinaalee fi Bulchiinsa Magaalota irraa qindaa’anii gara


Komishiniitti ergaman dhugoomsuu (data verfication) bara 2009-2012 keessa
waggaa waggaadhaan ragaalee sassaabaman dhugoomsuuf hanga bara 2012tii
Godinaalee 24 fi aanaalee 54 keessatti hojiin ragaalee sassaabaman dhugoomsuun
danda’ameera. Akkasuumas, Waggaa keessatti yeroo lama(2) dirree bahuun haala
guriinsa, qabiinsaa fi qophii ragaa fi Informeeshinii irratti godinaalee 20,
magaalota sadarkaa 1ffaa 19 waliin marii gaggeessuu, deeggarsa teekniikaa fi
ogummaa godhameera.

7.2.4. Qorannoo Imaammataa Misoomaa

Hojii Qindoominaan Hojjechuu

Hojiilee Qorannoo Immaammata fi tarsiimoo misomaa fiixaan baasuuf taarsiimoo


taa’een hojiilee qorannoowwan gaggeessu, dandeettii raawwachisummaa cimsuu …
kkf irratti dhaabbilee adda addaaa waliin qindoominaan hojjechuuf karoorfameen
dhimma uummtaa fi misomaa fi qornnoo irratti hariiroo gaarii uumuun
danda’ameera. Haaluma kanaan, dhaabbata Mit-Mootummaa DSW fi CCRDA

23 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
hariiroo uummameen leenjii dhimma uummataa fi walhormaata fayyaa
Naannichaa irratti kennamaa turaniif deeggarsa teekinikaa fi maallaqni argachuun
danda’ameera. Akkasumas, deeggarsa maallaqa Dhaabbata CCRDA irraa
argameen Dhaabbata ‘OBN’ waliin sagantaan dhimmoota ummataa fi misoomaa
Raadiyoon akka darban ta’eera.

Haariiroo Yuniivarsiitiiwwan Naannichaa keessatti argaman waliin uumuuf


yaalameen WKMD godinaalee fi bulchiinsa magaaloota Naannoo keenyaa karoora
hojii qorannoo godinaalee fi magaaloota gaggeessaniif deeggarsa teekiniikaa fi
maallaqaa argachaa jiru.

Qorannoowwanii fi Xiinxala Imaammataa fi Tarsimoo Misoomaa Gaggeessuu

Akka Naannoo Oromiyaatti qorannoowwan misoomaa fi xiinxala imaammataa adda


addaa gaggeessuuf kan karoorfaman yoo ta’uu, raawwiin qorannoowaan akka
armaan gadiitti dhiyaateera.

Sakta’iinsa Imaammataa fi Tarsiimoo Misoomaa gaggeessuun walqabatee


sakata’iinsa Imaammataa fi Tarsiimoo Misoomaa akka biyyaa fi Naannootti bahanii
jiranseekteraan ‘policy brief’ qopheessuu fi hubannoo seekteroonni xiinxala
imaammataa irratti qaban addaan baasuun qindeessuu xumurameera.

Qorannoo bu’a qabeessummaa fi hanqinaalee waldaalee “IMX” Naannoo


gaggeessuu ilaalchisee qorannnoo kun waggottan darban keessa kan gaggeeffamaa
ture yoo ta’u, xumurame karoora waggoota dheeraa fi giddugaleessaa akka
Naannootti qophaa’aa jiraniif galtee akka ta’u gareewwan xiinxala KGT-II
gaggeessaniif kennameera.

Xiinxala haala hojii dhabdummaa Magaalotaa Oromiyaa gaggeeffamaa kan ture


yoo ta’u xiinxalli kun ragaalee CSA yeroo adda addaa baasee irratti hundaa’uun
xiinxalli kan gaggeeffame yoo ta’u, dokumantiin xiinxalichaa karoora waggoota
dheeraa fi giddugaleessaa akka Naannootti qophaa’uuf galtee akka ta’u gareewwan
xiinxala KGT-II gaggeessaniif dabreera.

24 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Haala garaagarummaa guddina aanaalee Oromiyaa ‘Development Gaps among
Oromia Districts’ Qorannoo irratti xiyyeeffachuu akka gaggeeffamu karoorfame
ilaalchisee garaagarummaa guddina aanaalee Oromiyaa gidduu jiru irratti qaama
alaatiin qorannoo gaggeessuuf karoorfame raawwiin isaa %60 irra gaheera.
Xiinxala haala qabatamaa hawaas-dinagdee Naannoo Oromiyaa ilaalchisee
waggoottan darban keessa hudhaalee mul’achaa jiran addaan baasuun karoora
yeroo dheeraa fi gidduu-galeessaaf akka Naannootti bara 2012 keessa qophaa’a
jiruuf galtee akka ta’uuf karoorfame hin raawwatamne.

Dhimma Ummataa fi Misoomaa

Imaammata Dhimma Uummtaa Biyyaaleessaa bara 1985 bahe akka Naannootti


hojiirra oolchuuf carraaqqii godhamuun walqabatee dhimma uummtaa fi
misoomaa hojjechuuf karoorfamaniiru. Haaluma kanaan,

Dhimma Uummataa fi Misooaa Naannichaa irratti barreeffamoota gaggabaaboo


qopheessuun walqabatee hubannoo ogeesootaa fi qaamooleen adda addaa qaban
furuuf dokumantiiwwan walittihidhiinsaa fi dhiibbaa dhimma uummataa fi
misoomaa hawaasummaa fi dinagdee Naannichaa gidduu jiru agarsiisan
dokumantii ‘Population and Development indicators’ fi ‘Populations Images of
Oromiya’ jedhu qopheessuu fi maxxansiisuun akka raabsamu ta’eera.

Haala walhormaata ‘Fertility’ Naannoo Oromiyaa Xiinxaluuf karoorfame ilaalchisee


haallii walhormaata ‘Fertility’ Naannichaa eessaa gara kamiitti deemaa akka jiruu
fi hudhaalee gama kanaan mul’atan addaan baasuuf xiinxala gaggeessuuf
karoorfamexumuramee qophii karoora waggoota shanan dhufanii qophaa’aa jiruuf
akka oolu ta’eera.

Xiinxala Walitti Hidhiinsaa fi Dhiibbaa Uummataa fi Misoomaa walqabtee: xiinxala


dimoogiraafii, misooma hawaasummaa, diinagdee fi uumamaa irratti dokumantii
gababaa qopheessuuf karoorfamee ture xumuramee jira.

Qorannoo haala Tajaajila Fayyaa Haadhoolii Naannoo Oromiyaa ilaalchisee


Qorannoon kanaan dhaabbilee fayyaa mootummaatiin tajaajila fayyaa haadhoolii

25 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
kennamaa jiruun walqabatee ciminaalee fi hanqinaalee jiran addaan baasuuf
ture.Qorannoo kana Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa waliin kan gaggeeffamaa
ture yoo ta’u qorannichi xumuruun bu’aa qoranichaa qaama qophii karoora
misoomaa Naannichaaf kennuun qophii karooraaf galtee akka ta’u ta’eera.

Xiinxala raawwii Karooara Dhimma Uummataa gageeffamma turee ilaalchisee


KGT-II keessa Imaammata Dhimma Uummtaa Biyyaaleessaa bara 1985 bahe akka
Naannootti hojiirra oolchuun misoomaa fi dimogiraafii naannichaa madaalaa ta’e
akka jiraatuuf KGT-II keessaa hojiileen baay’een hojjetamaa turaniiru. Haaluma
kanaan, karoora xiinxala raawwii gaggeessuun bu’aalee fi hanqinaaleen gurguddoo
raawwii KGT-II kana keessatti mul’atan addaan baasuuf karoorfame raawwatamee
galtee Karoora Imala Badhaadhina Oromiyaa akka oolu ta’eera.

7.2.5. Xiinxalaa Dhimmoota Dinagdee Gooroo fi Akkaawuntii Dinagdee


Hojiin dhimmoota dinagdee gooroo fi akkaawuntii dinagdeetiin hojjetamu kan
xiyyeeffatu hammattoota dinagdee gooroo xiinxaluu fi tilmaamuudhaan fuula
duratti kallattii qabatamee karoorri misooma hawaas-dinagdee naannichaa itti
qophaa’u kaa’uufidha. Daarektoreetiin Dhimmoota Dingdee Gooroo fi Akkaawuntii
Dinagdee haaluma caasaa fi humna namaa jiruun hojii kana hanga barbaachisu
ta’uu baatuus hanga tokko karoorsee raawwachaa tureera. Keessumaa hojiin
xiinxalaa fi tilmaamuu bu’aa hundumtaa oomisha Naannoo (GDP) ittifufiinsaan
hojjetamaa tureera.

Haaluma kanaan, baroota KGT-II naannichaa keessatti hojiiwwan gama Dinagdee


Gooroo fi Herreega Dinagdee (Economic Account)tiin irratti xiyeeffatamee
hojjetamaan:

Xiinxalaa fi Qophii Karoora Dhimmoota Dinagdee Gooroo Gaggeessuu

Haalli dinagdeen naannoo yknbiyyaa tokko irra jiru kan ittiin madaalaman
sadarkaa hammatootni dinagdeen gooroo naannichaa irra jiru agarsiisuunidha.
Gama kanaanbara baraan haala hammatootni dinagdee gooroo fi agarsiistuuwwan

26 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
galii, barnootaa fi hanga umuriin jiraachuu namaa (Human Development
Index/HDI) irra gahe xiinxaluu fi kan baroota itti aananii tilmaamuun
barbaachisaadha. Akka gaabaasa UN bara 2017 (GC)tti agarsiistuun haala jiruu fi
jireenyaa uummataa (Human Development Index/HDI) Naannoo Oromiyaa (0.448)
gadi-aanaa akka ta’ee agarsiisa. Sadarkaa jiruu fi jireenya uummata naanichaa
kana fooyyeessuuf dhimmota kanatti aanaanii jiran yeroo yeroon xiinxaluun
kallattii kaa’aa deemuun barbaachisaadha. Gama kanaan hojiiwwan
raawwataman:

Galii fi baasii mootummaa naannichaa bara 2008-2011 xiinxalamee qophii


karoora bara itti aanuuf galtee akka ta’u ta’eera;
Galii fi baasii mootummaa naannichaa bara baraan tilmaamamee
mootummaaf dhiyaachaa tureera,
Haalli hammata dinagdee gooroo naannichaa waggaa shanii (2008 -2012)
xiinxalamee wixineen duraa qophaa’ee jira.

Tilmaama Akkaawuntii Dinagdee Naannoo (Regional Economic


Account/RGDP) Gaggeessuu

Xiinxalli guddinaa dinagdee (RGDP) waggaa shanii (2008-2012) waggaa


waggaan adda bahe qindaa’ee wixineen duraa qophaa’ee jira
Tilmaamni guddina dinagdee naannoo (RGDP) waggaa kuranaan dhufanii
(2013-2022) wixineen duraa qophaa’ee jira.

Rakkoolee (Challenges)

Waggoottan darban rakkoolee hojii dimmoota dinagdee gooroo fi akkaawuntii


qunnama keessaa kanneen gurguddoo:

 Ragaa hojii xiinxalaa fi qophii/tilmaamaa dhimmoota dinagdee gooroo fi


akkaawuntii dinagdee naannichaaf oolu sirrii ta’ee fi qulqullina qabu
sadargaa hundatti argachuun dhibuu fi xiyyeeffannoon dhimma ragaatiif
kennamu kan hin jirre ta’uu;

27 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
 Haallii caasaa Dhimmoota Dinagdee Gooroo fi Akkaawuntii Dinagdee
naannoo keenyaa itti diriiree bal’ina naannichaa fi ulfina hojichaa bu’uura
godhachuu dhabuu; fi
 Ulfinaa fi dadhabbii hojiin qophii Akkaawuntii dinagdee qabu ilaalchaa
keessaa galchuudhaan ogeessotni hojii Akkaawuntii dinagdee irratti
boba’aniif kaffaltiin jajjabeessaan dhibuu; fi
 Faayidaan hojii dhimmotaa dinagdee gooroo fi akkaawuntii dinagdee
naannichaaf qabu irratti sadarkaa hundatti hubannoon kan hin jirree fi yoo
jiraates laafaa ta’uudha.

7.2.6. Xiinxala Raawwii Hordoffii fi Gamaaggamaa


Gamaaggama raawwii KGT-II gaggeessuuf TORn qophaa’ee sekteroota sadarkaa
naannoo jiran hundaaf dhiyaatee irratti mari’atamee koreen barbaachisu sadarkaa
hundatti ijaaramee Haaluma ittiin qajeeltoo qophaa’een hojjetamaa tureera.
Karoora guddinaa fi traanisfoormeeshinii II (KGT II) raawwii wagga waggaa (Annual
review meeting) gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u Haaluma ittiin qajeeltoo
qophaa’een gamaaggamni raawwii hojii waggaa shanii (xumura KGT II)
gaggeeffamee wixineen duraa xumuramuun ragaa isaa galtee karoora waggoota itti
aanuu akka ta’u taasifamee jira.

Gama biraatiin, Sirni hordoffii fi gamaaggamaa barsiifataan gaggeeffamu jiraatus


guddina yeroo ammaa faana kan hindeemne fi fedhii ummataatiif deebi kennuu
kanhindandeenye akka ta’e xiinxala yeroo adda-addaa gaggeeffamerraa
hubachuun danda’amee jira. Akka qorannoowwan agarsiisanitti seektarootni
mootummaa hanqina milkaa’ina galmaa, ga’umsaa fi bu’a-qabeessuummaa cimaa
qabu.

Kanarraa ka’uudhaan bara 2012 kana keessatti hojmaata ilaalchisee hojiin inni
guddaan imaammata hordoffii fi gamaaggama misoomaa bocuu fi sadarkaa
shaakalliitti (pilot) hojirra akka oolu Imaammata bocuufis ta’e of dura hojirra-
oolmaa imaammatichaatiif haala mijaawaa uumuuf sirna hordoffii fi gamaaggamaa

28 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
sagantaawwan deeggertoota misoomaa idil-addunyaatiin gaggeeffaman ykn
sagantaawwan misoomaa garlamee (bilateral development programs) jaha (6)
xiinxaaluun xumuruuf karoorfamee guutumaatti raawwatamee muuxannoon sirna
hordoffii fi gamaaggama qindaa’ee jira. Xiinxaala kana akka ka’umsaatti
gargaaramuudhaan hojiin imaammata hordoffii fi gamaaggama misoomaa bocuu
raawwiin isaa %25 yemmuu ta’u itti fufinsaan kan xumuramu ta’a

7.2.7. Karooraa, Bittaa, Bulchiinsa Faayinaansii fi Qabeenyaa


Komishiinii
Karooraa, hordoffii fi gammaggama

Karoora fi gabaasa kan kurmaanaa, kan waggaa fi kan waggaa shanii qindeessuun
Komishiniif, Waajjira Caffee Oromiyaa, Waajjira Pirezidaantii MNO fi BMWDOtiif
yeroo isaa eeggatee dhiyeessaa tureera. Akkasumas, karooraa fi raawwii
Komishiniichaa kurmaana kurmaanaan WKMD godinaalee fi Bulchiinsa
magaalotaaf dhiyeessuun irratti akka mari’atan gochaa ture.

Gabaasoota isaaniis ji’a jaha jahaan xiinxaluun hanqinoota, ciminootaa fi raawwii


gaarii irra godinoota jiran adda baasuun kanneen hordoffii fi deggersa cimaa
barbaadan irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa kan ture dha.

Baajata komishiniif ramadamu akkaataa karoora fedhii baajataa Komishinii


keenyaa fi WKMD godinaalee irraa dhiyyaateen uulaagaa qoddii baajataa irratti
hundaa’uun qoodamaa tureera.

Baajatni keenya bara baraan kan hir’achaa deemee fi hojii irratti dhiibbaa kan
fide ta’uu isaati.

Bulchiinsa Faayinaansii
Waggoottan darban keessatti bulchiinsi faayinaansii komishinii keenyaa seeraa fi
dambii akkasumas qajeelfama yeroo adda addaa bulchiinsa faayinaansii bahe
irratti hundaa’uun xiyyeeffannoo guddaan hojiiwwan Fayinaansii qulqullinaan
hojjetamaa tureera.

29 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Bittaa

Bittaa meeshaawwan gurguddoo dorgomsiisee waliigaltee kan raawwatu Ejensii


bittaa fi dhabamsiisa Qabeenya Oromiyaa yoo ta’u meeshaalee biroo kan akka
tajaajilaa, maxxansa adda addaa, meeshaalee qulqullinaa,meeshaalee dhumataa fi
meeshaalee faaya konkolaataa hanga dandametti yeroo fi qulqullinni isaa
ogeessaan ilaalamee mirkana’ee kan bitamaa tureera.

As irratti akka hanqinaatti Ejensiin bittaa fi dhabamsiisa qabeenyaa Oromiyaa


yeroon walii galtee raawwatee meeshaalee akka bitannu nu gochuu irratti
hanqinaa fi dhaabbileen meeshaa dhiyeessanis hin qabnu, hin galle alaa jechuun
fi akkasumas ispeesifikeeshinii dogoggorsiisuun dhiyeessuun gufuu ta’u isaanii
KIBO kana keessa akka galtee karooraa ta’ee irratti hojjetamuu qaba.

Bulchiinsa Qabeenya

Qabeenyaawwan BMWDO irraa qooddannee fi isaa booda kan bitamee tajaajila irra
oola jiran konkolaatawwan sarvisii gochuu fi meeshaalee dhaabbii galmaa’ee
koodessuun leejera to’annoo meeshaa irratti madaallii isaa eeguun to’atamaa jira.
Kana malees meeshaawwan haaraa bitaman hatattaman galii gochuun (M19)
kanneen bahani immoo moodeeloota (mode 21/22) barbaachisoo ta’an irratti
guutamee xiyyeeffannoo kennamee hojjetama jira.

Karaa biraa immo Godinoota, Bul/Magaalotaa fi aanoota jajjabeessuuf meeshaalee


haaraa bituun fi kanneen hojjetan suphisiisuun deggaraa turre.

7.2.8. Xiinxala Rawwii hojii Odiitii Keessaa


Darektoretiin Odiitii keessaa karooraa adda addaa(waggaa,ji’aa) qopheefachuun
ergamaa fi mul’ata mana hojii isaa galmaan gahuuf shoora olaanaa akka qabu
beekamaa dha. Karoora qopheeffate kana irratti hundaawuudhaan itti fayyadama
mana hojiichatiif bajetni ramadamu, baasii fi galiin geggeeffamu qisaasama malee
akkaataa qajeelfamni ajajuun seera qabiinsi herregaa fi seeraa bulchiinsa
faayinaansii mootummaa, labsii, dambii fi qajeelfamoota bahaniin raawwatamu

30 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
isaa mirkaneesuu fi iddowwan hanqinni mulate irratti tarkanfiin sirreefama
yeroon akka fudhatamu gabasuu fi deggersa gorsa kennu dha.

Haaluma kanaan bara baajataa 2009 ji’a caamsaa irraa eegalee baajatni mana
hojii keenyaaf ramadame karaa seera qabeessa ta’een hojiirra olmaa isaa hordofuu
fi xinxala geeggeessu.

Odiitii faayinaansii ji’a ji’aan gaggessuun dhimmoota hojii keessatti mul’atan adda
baasuun hojjetoota dhimmi ilaaluu waliin maree geggesuun akka furmaata argatu
gochaa kan turre ta’u.

Hojiilee xinxala keessatti raawwataman kan akka xiinxala adeemsa herregaa,


gabaasa herregaa, hordoffii sanduqaa/maallaqa callaa/, bittaawwanii, leenjii,
durgoo olmaa, kaffaltii mindaa fi hir’ifamaawwan adda addaa, kaffalamaa fi walitti
qabamaa fi kkf hunda karaa seera qabeessa ta’een harcaatii tokko malee
hojjetamaa turee jira.

Lakkoofsi meeshalee dhabbataa waggaa waggaan gaggefamaa kan jiru ta’uu.

Argannowwan mul’atan yeroo bayy’ee durgoo fi leenjii walirra bu’uun caalmaan


kaffalamuu yoo ta’u inni kunis baruma baajata sana keessa kan deebisiifamaa
turanii malee baraa baratti kan darbee kan hin jirre ta’uu

7.2.9. Hooggansa Qabeenya Namaa fi Ijaarsa Dandeettii


Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa itti gaafatamummaa
kennameef galmaan gahuuf gama dandeettii cimsachuutiin karoora tarsima’aa
darbe keessatti karoorfamee amma sadarkaan raawwiin irra jiru akka armaan
gaditti ibsameera:-

Sadarkaa Bara 2009 % 2010-2012 Garaa %

31 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Barumsaa Dhi Dub Ida’ama Dhi Dub Ida’ama garu
mmaa
PHD 1 1 1.5 1 1 1 0.93
MA/MSC 25 25 26.6 32 2 34 9 8.4
BA/BSC/LLB 30 10 40 44.9 31 14 45 5 4.6
Dip fi Adv 1 4 5 5.6 2 4 6 1 0.93
Lev I-IV 6 6 6.7 2 6 8 2 1.86
10+1 & 2 1 2 3 3.7 1 1 1 0.93
Kut.12 fi 5 9 10.1 6 12 3 2.8
4 6
gadii
waliigala 63 26 89 100 75 32 107 18 16.82

7.2.10. Dhimmoota Idileessa Koorniyaa, Daa’immanii, Dargaggotaa fi


‘HIV/AIDS’
Karoora misooma haawaas-dinagdee ariifataa fi itti fufiinsa qabu mirkanneessuu
keessatti idileessa koorniyaa, daa’imman, dargaggoo fi ‘HIV/AIDS’ irratti
xiyyeeffannoo gochuun murteessadha.Haaluma kanaan karoora KGT II keessatti
kallattiin mootummaa hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa akka
mirkanaa’u kaa’ee dokumantii, ’Gender Budgeting’, ’gender auditing’ fi ittiin
qajeelfama sirna koorniyaa idileessuu qophaa’ee ittiin hojjetamaa jira.

7.2.11. Hojii Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsuu


 Leenjiiwwan hedduun adeemsa qophii fi hojiirra oolmaa karoora misoomaa
cimsuurratti kan xiyyeeffatanii dha. Leenjiwwan kennaman kun hanqina gama
humna raawwachiisummaatiin walqabatee sadarkaa sadarkaan jiru furuun
hojiiwwan qophii fi hojiirra oolmaa karoora misoomaa hanga ta’e karaa akka
qabatu taasiseera. Waggottan sadan dabran leenjiin dhimma hirmaannaa
hawaasaa fi KQHHQ irratti xiyyeeffate ogeessotaa fi gaggeessitoota sadrkaa
sadarkaan jiraniif kennameera. Bara 2011 keessatti sirna KQHHQ dabalataan
aanaalee 20 keessatti eegalsiisuuf leenjii leenjistoota ogeessota aaanaalee 20
keessaa filatamanii 190f (Dhalaa=28)akka kennamu ta’eera. Bifuma

32 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
walfakkaatuun, gandootii aanaalee 20 kana jala jiran 431 ta’an keessaa haala
mijeessitoota 2155f leenjiin KQHHQ kennamee jira.
 Akkasumas, leenjiin mata dureewwan qophii karoora misoomaa fi ittifayyadama
agarsiiftuwwan misoomaa irratti xiyyeeffate ogeessota Naannoo, Godinaalee fi
Bulchiinsa Magaalotaa 213 (Dhalaa=32) ta’aniif kennameera.Haala qophii
Kallattii Karoora Misooma Waggaa Kudhanii (2013-2022) fi Karoora Misooma
Waggaa shanii (2013-2017) irratti, dookumantii yaada ka’uumsaaf ta’an
qopheessuun (xiinxala raawwii ‘SDG’ fi Kallattii Haammata Dinagdee Gooroo
Biyolessaa) ogeessotni fi gaggeessitootni sadarkaa Naannoo, Godinaalee fi
Bulchiinsa Magaalotaa 204 ta’an (Dhalaa=34) hubannoo akka argatanii fi
adeemsi qophii kallattii Misooma Waggaa kudhanii fi Karoorri Misooma waggaa
shanii akka jalqabsiifamu ta’eera.
 Hojjettoota godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa 39f ’GIS’ irratti waggaa waggaan
(2008-2011) leenjiin dandeetti raawwachisummaa cimsuu kennameera.
 Ogeessota godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa 39f waggaa waggaan (2008-
2011) leenjii qophii pirofaayiliirratti xiyyeeffate kennuun dandeetti
raawwachisummaa cimsuuf yaalameera.
 Leenjiiwwan hedduun haala guriinsa, xinxala, sirna qabiinsaa fi qophii ragaa fi
informeeshinii cimsuurratti kan xiyyeeffatanii dha. Leenjiiwwan kennaman kun
hanqina gama humna raawwachiisummaatiin walqabatee sadarkaa sadarkaan
jiru furuun hojiiwwan guriinsa, xinxala, sirna qabiinsaa fi qophii ragaa fi
informeeshinii irratti hanga ta’e hubannoo akka uumamuu taasiseera.
 Haaluma kanaan bara baraan leenjii yaada rimee ragaaratti Oggeessota
Godinalee 20, Bulchiinsa Magaaloota 19 irratti hojjetan 312(Dubartoota =80)
hubannoo akka argatan ta’eera. Bifuma walfakkaatuun, leenjii‘DevInfo’ irratti
hojjettoota oggessootaafi Abbaa Adeemsoota Karooraafi Istaatistisksii godinaalee
(21) fi magaalota muummee fi ol’aannoo (19) irratti hojjetan
300(Dubartoota=65) leenjiin kennamee jira. Akkasumas Sekteroota naannoo
waliin waggoota darban kessatti wagaatti al-lama dhimma ragaarratti marii
gaggeessuu hirmaatoota 320tan waliin mariin gaggeeffameera. Bifuma

33 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
walfakkaatuun, leenjii mosaajii ’Integrated Management Information Sytstem
(IMIS)’ Ogggessoota Sekteroota Naannoo 50 fi Oggeessota KKMDO irratti
hojjetan 30 walumaagala oggessota 80(Dubartoota=20) Komishinii keenyaa fi
Ejeensii Istaatistisksii Biyyoolessa deeggarsa Maallaqaa ‘UNFPA’ waliin ta’un
leenjiin dheeraa kennamee jira.
 Dhimma uummataa fi misoomaa ilaalchisee hubannoo ooggansi Naannoo
keenyaa dhimma uummataa fi misoomaa adda addaa irratti qabu cimsuuf mata
duree ‘Policy Dialogue on Population and Development of Oromia Regional
State’ jedhu irratti ooggantoota manneen hojii naannoo, Dura Taa’oota Koree
Dhaabbii Caffee Oromiyaa fi dura buutoota dhaabbilee miti-mootummaa
namootiin 287 ta’an akka barnoota argatan ta’eera. Bal’inaa rakkinichaa fi
baayyina namoota barnoota kana argachuu qaban waliin yammuu ilalamu
baayy’ee gad-anaadha.
 Dhimmi ummataa imaammataa, karooraa fi gamaaggama misoomaa Naannoo
gaggeeffamu keessatti akka haammatamuuf ogeessoota manneeen hojii
Naannoo fi WKMD godinaalee fi bulchiinsa magalootaa ogeessoota 387 ta’aniif
leenjiin kennameera.
 Dhimma hojiilee qorannoo Imaammataa fi tarsiimoo misoomaa irratti mata
duree “Introduction to Applied Research” jedhuun irratti ogeessota naannoo,
godinaalee fi bulchiinsa magaalootaaf ogeessoota 45 ta’aniif leenjiikennameera.
Akkasumas, ogeessootaa fi hoggansa KKMDO, godinalee fi bulchiinsa
magaalootaaakkaataa qorannoon itti gaggeeffamuu fi mosaajiiwwan adda addaa
irratti namoota 90f leenjiin kennameera.
 Dhimma Imaammataa ilaalchisee ogeessootaa fi ooggansi KKMDO, Waajjira
KKMD godinaalee fi bulchiinsa magaalootaa hubannoon walfakkaatu akka
qabaatan gochuuf mata duree ‘Policy making Process, Policy evaluation, policy
implementation and Policy analysis’ jedhu irratti ogeessootiin 76f leenjiin
kennameera.
 Dinagdeen naannichaa kallattii misoomaa sirri ta’ee hordofee gaggeeffamuu kan
danda’u sadarkaa hundatti ogeessotni hojii karooraa fi ragaa irratti hojjetan

34 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
hubannoo fi dandeettii gahaa qabaatanii ragaaleen qophii fi xiinxala dinagdee
naannichaaf oolan sadarkaa hundatti akka jiraatan yoo taasifamee fi moodeelli
karoora dinagdee gooroo sirrii ta’e fayyadamuun karoorri misoomaa naannichaa
yoo qophaa’e qofadha.
 Haata’u malee, dhimmota dinagdee gooroo fi moodeela karooraa, akkasumas
sirna herreega dinagdee (SNA, System of National Account) irratti naannicha
keessatti ogeessota ragaa fi qophii karooraa irratti hojjetaniif leenjiin gahaan itti
fufiinsaan kennamuun dhibuu fi xiyyeeffannoon hojichaaf kennamaa ture
laafaa ta’uu irraa kan ka’e hojiiwwan kun gama tokkoon wal deeggaruun galtee
walii ta’aa deemuun dhibuu fi gama biraatiin immoo ragaan dhibuu fi kan
argamus qulqullina dhabuu irraa kan ka’e xiinxala fi tilmaama guddina
dinagdee fi dhimmoota dinagdee gooroo naannichaa gaggeessuu irratti dhiibbaa
uumee jira.
 Sirna akkaawuntii dinagdee biyyaa itti qophaa’u fooyyeesuuf dhimmoota
dinagdee gooroo moodeela karooraa dabalatee ogeessota maneen hojii sadarkaa
naannoo irra jiraniif kennuuf karoorfamullee leenjiin kun kan kenname
ogeessota KKMDO qofa waan ta’eef hanga yaadame ta’uu baatus ogeessota
muraasaaf kennamee jira.
 Kaayyoowwan kana lamaan (qajeeltowwan hordoffii fi gamaggamaa qophaa’an fi
dhimma gamaaggama KGT II) irratti leenjiin hubannoo uumuu hoggansa
naannoo, ogeessotaa naannoo fi dhimmamtoota sadrakaa naannootti 731f kan
kennamee ta’ee; sadarkaa godinaalee fi bulchiinsa magaalotaatti leenjii
ogeessota fi hoggantoota sekteraaleef walumaagalatti 1,280 kennamuun galma
ga’insa hojichaaf tumsa taasiseera.
 Hubannoo idileessa koorniyaa, daa’imman, dargaggoo fi ‘HIV/AIDS’ irratti
kennameen hirmaannaa fi fayyadamummaan dubartootaa akkasumas
daa’imman fi dargaggoo hubannoo dhibee ‘HIV/AIDS’ irratti qaban dabalee jira.

7.3. Dhimmoota Xiyyeeffannoo Barbaadan


 Haala qabatama dhimma ummata fi misoomaa naannoo keenyaa akka

35 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
walsimaa hin jirre ragaalee adda addaa ni agarsiisu. Sababni isaa immoo
hojiirra oolmaa imaammata dhimma uummataa naannichaa maal irra akka
jiru, jijjiramaa fi bu’aa gama kanaan argame xiinxalaa fi qorachaa deemuun
waan hin jirree fi hojiin kun immoo xiyeeffannaa fi qindoomina qaamoolee
adda addaa kan gaafatu waan ta’eef hanga barbaadame hojjetameera jechuun
hin danda’amu. Kanaafuu, karoora waggoota itti aanu keessatti xiyyeeffannaa
guddaa barbaada.

 Imaammataa fi tarsiimoowwanakka biyyaa fi naannootti bahanii hojiirra oolaa


jiran yeroo yeroon fi gadi fageenyaan qorannoo fi xiinxala immaamataa
dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee gaggeessuun ciminaalee fi hanqinaalee
hojiirra oolamaa irratti mul’ataan addaan baasuu, akkasumas jijiirama akka
biyyaa fi adunyaattti mulatan waliin walsimsisun imaammataa fi tarsimoo
haaraa maddisisaa deemuun naannichaaf murteessa ta’uu;

 Hojiin dhimmoota dinagdee gooroo fi akkaawuntii dinagdee naannoo keenyaa


bu’aa sochiiwwan kutaalee fi hundamtaa guddina dinagdee fi sadarkaa
jijjiiraa caasaa dinagdee xiinxaluu fi tilmaamuun kallatti misoomaa
mootummaa naannichaa bara baraan kaa’uuf bu’uura waan ta’eef caasaa
hojii kana gaggeessuu karaa bu’aa argamsiisuuf mijataa ta’uu danda’uun
gurmeesuunii fi humna namaa ogummaa fi dandeetti hojichi barbaaduun
guutuun barbaachisaadha

 Sirna hordoffii fi gamaaggama hirmaachisaa ta’e hojii irra oolchuun raawwii


hojii pirojektootaa yeroo isaa eeggatee geggeeffamu fooyyeessuu

 Hojii muuxanoowwaan gaggaarii argamaan adda baasuun iddoo hundatti akka


baballátan gochuun hojii karoora kana keessatti xiyyeeffannoo barbaadudha.

 Hojii fi hojimaata hojii saffisiisuu keessatti shoorri seerrii manneen hojii


hundaaf qabu iddoo olaanaadha. Haaluma kanaan seeroonni jiran akka
walsimaa deeman gochuun qaawaa hojii irratti uumamu cufaa deemuun
barbaachiisadha. Kanaafuu, hanqina jiru cufuuf yeroo yeroon hordoffii

36 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
barbaachisaa gochuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha.

 Qophiin ragaalee guuruu, xinxaluu akksumas qindeessuudhaan yeroon


qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuun qophii karooraatiif bu’uura. Kanaafuu,
karoora misoomaa sirrii ta’e karoorsuuf ragaa amansiisa, qulqulluu fi
waytawaan akka barbaachisu beekkama waan ta’eef hojiin kun xiyyeeffannoo
itti kennamuu kan qabuudha.

 Waggootii darban keessatti hanqinni wajjiraalee fi konkolaataa keessumattu


sadarkaa godinaalee fi bulchiinsa magaalotaatti waan jiruuf dhimma
xiyyeeffannoo barbaadudha.

 CaasaanKKMDO sadarkaa Aanaatti kan hin gurmoofne waan ta’eef hojilee


misoomaa fi dinagdee naannoo keenyaa irratti dhiibbaa kan uume waan tahee
dhimma xiyyeffannoo barbaadu ta’a.

 Hojii dhimma koorniyaatiif xiyyeeffannoon kan kenname ta’u illee darbee


darbee godinaalee fi bulchinsa magaalaatti caaasaa kan hin qabnee fi akka hojii
dabalataatti ilaalamuun isaa gara fuula duraatti dhimmoota xiyyeeffannoo
barbaadudha.

8. Kallattiiwwan Bu’uura Karoorichaa


Kallattiiwwan bu’uura Karoora Imala Badhaadhina Oromiyaa (2013-2022):-

i. Hojiiwwan hunda keessatti hirmaannaa ummataa guddisuu


ii. Sirna qophii karoora naannichaa cimsuudhaan karoora misoomaa naannichaa
saayinsaawaa taasisuu

iii. Sirna hojmaata ragaa fi informeeshinii Naannoo hammayyeessuu, ga’umsaa fi


qulqullinaan teeknoolojii hammayyaatti fayyadamuun hojjechuu,

iv. Misoomaa fi guddina dinagdee ariifachiisaa, wal-irraa hin cinnee fi haqa-


qabeessaa jalqabamee jiru itti fufsiisuu,

37 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
v. Dandeettii oomishtummaa dinagdee irra gahuuf si’aayina dabaluu, qulqullina
damee oomishtootaa haalaa jajjabeessuun, oomishtummaa fi miira
dorgomtummaa ol-aanaa ta’een guddina fiduu,
vi. Tiraansifoormeeshinii ariifachiisaa abbootii qabeenya biyya keessaa fiduu fi
humna misoomaa gahumsa ol-aanaa qabu isaan taasisuu,
vii. Dandeettii damee ijaarsaa/construction/ jajjabeessuun qaama hundaa bira
gahumsa bu’uura misoomaa dabaluu fi qulqullina tajaajila isaas
mirkaneessuu,
viii. Guddina Magaalotaa ariifachiisuun haala gaariidhaan gaggeessuu fi bulchuun
guddina ariifachiisaa dinagdee waliigalaatiif shoora ol-aanaa akka qabaatu
gochuu,
ix. Ijaarsa dandeettii misooma qabeenya humna namaa fi tekinooloojii
ariifachiisuu fi itti fufiinsa isaa mirkaneessuu,
x. Ijaarsa dandeettii humna raawwachiisummaa mootummaa (Komishinii)
cimsuu fi hirmaannaa uummataa babal’isuun dimokiraasii fi bulchiinsa gaarii
misoomawwaa diriirsuu,
xi. Gahumsa, hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa fi dargaggootaa
guddisuu, dinagdee magariisaa jijjiirama qilleensaa itti fufiinsaan ijaaruu dha.

9. Taarsiimoo Raawwii KIBO


 Qindoomina sivil sarvantii sadarkaa sadarkaan jiru cimee akka itti fufu
taasisuu
 Muuxannoowwan gaggaarii mul’atan qindeessuun akka babal’atu
taasisuu
 Gurmaa’insi hojii cimaan KKMDO fi caasaalee keessatti akka jiraatu
gochuu
 Qindoomina hojii jiru cimsuu
 Hojiiwwan hunda keessatti hirmaannaa ummaataa guddisuu
 Hordoffii fi deggersa wal irraa hin cinne taasisuu
 Dandeettii raawwwachisummaa cimsaa deemuu

38 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
10. Kaayyoolee Tarsiima’aa Mana Hojichaa Kallattiiwwan Madaallii Arfaniin
Agarsiistuu, Ulfinaa fi Manii Mana Hojii Waliigalaa KKMDO

Safar Ka’umsa Manii


Kaayyoo
Kallattii Safartuulee Raawwii (2012)
Tarsiimoo’aa 2013- 2013 2014 2015 2016 2017
2017

Itti quufinsa Itti quufinsa


maamilaa/ maamiltootaa dabale (11)
%
Maamila (20)

dhimmamtootaa 67 100 73 80 88 97 100


dabaluu (11)

Faayidaa Uummatni Uwwisaa tajaajila


misooma irraa bu’uuraalee misoomaa
argatu guddisuu(9) fooyya’e (9) %
70 100 77 78 86 94 100

Itti fayyadama bajjataa


fooyya’e (8)

%
75 100 80 85 90 95 100
Faayinaansii (15)

Dinagdummaa fi
bu’aa To’annoo qabeenyaa fooyya’e
(2)
qabeessummaa
%
70 98 77 84 92 96 98
qabeenyaa guddisuu
(15)
Pirojektoota baasii dabalataa
malee xumuraman (5) %
58 85 64 71 75 80 85

Dhiyeessii fi Qulqul’ina ragaa dabale %


Adeemsa

qulqullina (3)
Hojii

ragaa/odeeffannoo 65 100 72 79 87 95 100


fooyyessuu (8)

39 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Ragaa yeroon qindaa’ee %

dhiyaate ( 2 )
60 87 63 66 72 79 87

Ragaa ’MIS’n %

deeggaramee/Maxxansaan
58 94 64 70 77 85 94
dhiyaate (2)

Baay’ina itti fayydamtoota Lakk

ragaa dabale (1)

Sirna qophii karoora


68 98 75 82 90 94 98
misoomaa
Keessaa(45)

Karooraa yeroo dheeraa fi


fooyyessuu(6)
giddugaleessaa ulaagaa
%
isaa eeggatee qopha’e (4)

Seenaa pirojektootaa
qindaa’e (2) %
60 97 66 73 80 88 97

Qophii karooraa keessatti Hirmaannaa uummataa fi %


Hirmaannaa uummataa fi
dhimmamtootaa dabale(4)
dhimmamtootaa guddisuu
75 96 79 83 87 91 96
(4)

Walitti dhufeenya Walitidhufeenya fooyya’e (2) %


dhimmamtoota
misoomaa gama 65 90 70 75 80 85 90
hundaan fooyyeesuu (2)

Haqa qabeessummaa Waltajjii dhimmamtoota Marsa


karoora misoomaa waliinii gaggeeffame (2) a

40 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
yeroo dheeraa fi 76 97 80 84 88 92 97
giddugaleessaa
fooyyessuu (5) Garaagarummaa uuwwisa
bu’uuraalee misoomaa
dhiphate (3) %
65 100 72 80 87 96 100

Sirna gamaaggama Uwwisa hordoffii hojii %


raawwii karoora taasifame (2)
Misoomaa 70 96 70 77 84 92 96
fooyyessuu(8)

Qulqul’ina bu’aa madaallii fi %


gamaaggamaa (3)
65 95 75 80 85 90 95

Bu’aa gamaaggamaa qaama yeroo


dhimmi ilaaluuf yeroon
dhiyaate (3) 70 100 77 85 94 96 100

Gamaaggama raawwii Hirmaannaa uummataa fi


karoora misoomaa dhimmamtootaa dabale(3)
keessatti Hirmaannaa 78 100 86 90 93 96 100
uummataa fi

dhimmamtootaa guddisuu
%
(3)
Qorannoowwan
qulqullinaan
gaggeessuun gahumsa 65 96 68 72 80 87 96
fi bu’a qabeessummaa Qorannoowwan
karoora naannichaa qulqullinaan
foyyeessuu (9) gaggeefamanii rakkoo
karoora misoomaa furan -
(9) Lakk

41 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Aadaa gamtaan hojii yeroo
dabale (2)
Aadaa bu`aa fi bu`a 76 95 80 84 85 90 95
qabeessuummaaf
hojjachuu
Karoora bu’aa irratti Dok
guddisuu( 6)
xiyyeeffatee qophaa’e (2)
70 97 76 82 87 92 97

Madaallii raawwii Dok


karooraa bu’aa irratti
IjaarsaDandeetti (20)

xiyyeeffatee gaggeeffame 70 100 74 80 87 94 100


(1)

Muuxannoo aadaa hojii Dok


gaarii qindaa’ee hojiirra
oole (1) 60 99 66 72 78 94 99

Dandeettii Sadarkaa raawwii fooyya’e %


hooggansa karoora (4)
misooma Naannoo 70 100 76 82 88 96 100
fooyyessuu (4)

Mijaa`ina iddoo hojii Loojistiiksii guutame (2) %


fooyyessuu(5)
75 100 81 87 94 97 100

Hojjettootaa fi %
maamiltootaa dhugaa
bahan(3) 75 100 80 86 89 95 100

Itti fayyadama Meeshaalee tekinooloojii %


tekinooloojii guutaman (2)
guddisuu (5) 80 100 83 87 91 97 100

42 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
%
Meeshaalee tekinooloojii
fayidaarra oolan(3) 70 98 79 84 90 93 98

11. Kaayyoolee, Agarsiistuu, Manii fi Tarkaanfiiwwan Tarsiima’aa


Waliigalaa Kaayyolee Tarsimoo’aa, Agarsiistuu, Raawwii, Manii fi Tarkaanfiiwwan Tarsiimaa’a

Kallatti Kaayyoo Safar Ka’ums 2013- Tarkaanfiiwwan Tarsiimoo’aa


Safartuulee Raawwii a (2012) 2017
i Tarsiimoo’aa

Itti quufinsa Itti quufinsa Sagantaa meeshaalee riifoormii


maamilaa/ maamiltootaa dabale (11)
% Sagantaa xiinxala itti quufinsa maamilaa (Satisfaction
dhimmamtootaa 67 100
Survey)
dabaluu (11)
Sagantaa onnachiiftuu

Qorannoo imaammataa Misoomaa

Sagantaa gamaaggama raawwii karoora misoomaa


Maamila (20)

Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa dhiyeessaa lojistiiksii fi mijaa’ina iddoo hojii

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Faayidaa Uwwisaa tajaajila %


Uummatni bu’uuraalee misoomaa
Sagantaa meeshaalee riifoormii
misooma irraa fooyya’e (9) 70 100
argatu guddisuu(9)
Sagantaa xiinxala itti quufinsa maamilaa (Satisfaction
Survey)

43 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Sagantaa onnachiiftuu

Saganataa keessummessaa komee

Qorannoo imaammataa Misoomaa

Sirna bulchiinsa ragaa

Sagantaa fooyya’insa karoora misoomaa

Sagantaa gamaaggama raawwii karoora misoomaa

Sagantaa walitti dhufeenya maamiltootaa fi


dhimmamtootaa

Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Dinagdummaa fi Itti fayyadama bajjataa


bu’aa fooyya’e (8)
Sagantaa meeshaalee riifoormii
%
75 100
qabeessummaa
qabeenyaa Saganataa keessummessaa komee
To’annoo qabeenyaa fooyya’e
guddisuu (15) (2)
Faayinaansii (15)

Qorannoo imaammataa Misoomaa

%
70 98
Sirna bulchiinsa ragaa
Pirojektoota baasii dabalataa %
malee xumuraman (5) Sagantaa fooyya’insa karoora misoomaa

58 85
Sagantaa gamaaggama raawwii karoora misoomaa

Sagantaa walitti dhufeenya maamiltootaa fi


dhimmamtootaa

Sagantaa uummataa fi misoomaa

44 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Dhiyeessii fi Qulqul’ina ragaa dabale


qulqullina (3) %
Sagantaa meeshaalee riifoormii
ragaa/odeeffannoo 65 100
fooyyessuu (8)
Sagantaa onnachiiftuu
Ragaa yeroon qindaa’ee %

dhiyaate ( 2 ) Saganataa keessummessaa komee


60 87
Qorannoo imaammataa Misoomaa
Ragaa ’MIS’n %
Sagantaa fooyya’insa karoora misoomaa
deeggaramee/Maxxansaan
58 94
Sagantaa gamaaggama raawwii karoora misoomaa
Adeemsa Hojii Keessaa(45)

dhiyaate (2)

Sagantaa walitti dhufeenya maamiltootaa fi


Baay’ina itti fayydamtoota Lakk
dhimmamtootaa
ragaa dabale (1)
Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa muuxannoo gaarii babal’isuu

Sagantaa dhiyeessaa lojistiiksii fi mijaa’ina iddoo hojii

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Sirna qophii Karooraa yeroo dheeraa fi


karoora misoomaa giddugaleessaa ulaagaa %
isaa eeggatee qopha’e (4) 68 98 Sagantaa meeshaalee riifoormii
fooyyessuu(6)

Seenaa pirojektootaa % Saganataa keessummessaa komee

45 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
qindaa’e (2) 60 97 Sirna bulchiinsa ragaa

Sagantaa gamaaggama raawwii karoora misoomaa

Sagantaa muuxannoo gaarii babal’isuu

.Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Qophii karooraa Hirmaannaa uummataa fi %


keessatti Hirmaannaa
dhimmamtootaa dabale(4)
uummataa fi Sagantaa meeshaalee riifoormii
dhimmamtootaa 75 96
guddisuu (4) Sagantaa xiinxala itti quufinsa maamilaa (Satisfaction
Survey)

Saganataa keessummessaa komee

Sirrna bulchiinsa ragaa

Sagantaa fooyya’insa karoora misoomaa

Sagantaa gamaaggama raawwii karoora misoomaa

Sagantaa walitti dhufeenya maamiltootaa fi


dhimmamtootaa

Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Walitti dhufeenya Walitidhufeenya fooyya’e (2) %


dhimmamtoota
misoomaa gama Sagantaa meeshaalee riifoormii
65 90
hundaan fooyyeesuu
(2) Sagantaa xiinxala itti quufinsa maamilaa (Satisfaction
Survey)

46 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Saganataa keessummessaa komee

Qorannoo imaammataa Misoomaa

Sirna bulchiinsa ragaa

Sagantaa fooyya’insa karoora misoomaa

Sagantaa gamaaggama raawwii karoora misoomaa

Sagantaa walitti dhufeenya maamiltootaa fi


dhimmamtootaa

Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa muuxannoo gaarii babal’isuu

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Haqa qabeessummaa Waltajjii dhimmamtoota Marsaa


karoora misoomaa waliinii gaggeeffame (2)
yeroo dheeraa fi 76 97 Sagantaa meeshaalee riifoormii
giddugaleessaa
fooyyessuu (5) Sagantaa xiinxala itti quufinsa maamilaa (Satisfaction
Garaagarummaa uuwwisa
bu’uuraalee misoomaa Survey)
dhiphate (3) %
65 100
Saganataa keessummessaa komee

Qorannoo imaammataa Misoomaa

Sirna bulchiinsa ragaa

Sagantaa fooyya’insa karoora misoomaa

Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa muuxannoo gaarii babal’isuu

47 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Sirna gamaaggama Uwwisa hordoffii hojii %


raawwii karoora taasifame (2)
Misoomaa Sagantaa meeshaalee riifoormii
70 96
fooyyessuu(8)
Saganataa keessummessaa komee
Qulqul’ina bu’aa madaallii fi %
gamaaggamaa (3) Qorannoo imaammataa Misoomaa
65 95
Sirna bulchiinsa ragaa

Bu’aa gamaaggamaa qaama yeroo


Sagantaa gamaaggama raawwii karoora misoomaa
dhimmi ilaaluuf yeroon
dhiyaate (3) 70 100 Sagantaa walitti dhufeenya maamiltootaa fi
dhimmamtootaa

Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa muuxannoo gaarii babal’isuu

Sagantaa dhiyeessaa lojistiiksii fi mijaa’ina iddoo hojii

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Gamaaggama raawwii Hirmaannaa uummataa fi %


karoora misoomaa dhimmamtootaa dabale(2)
keessatti Hirmaannaa 78 100 Sagantaa meeshaalee riifoormii
uummataa fi
Sagantaa xiinxala itti quufinsa maamilaa (Satisfaction
dhimmamtootaa
Survey)
guddisuu (3)

48 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Saganataa keessummessaa komee

Sirna bulchiinsa ragaa

Sagantaa fooyya’insa karoora misoomaa

Sagantaa gamaaggama raawwii karoora misoomaa

Sagantaa walitti dhufeenya maamiltootaa fi


dhimmamtootaa

Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Qorannoowwan Lakk
qulqullinaan
Sagantaa meeshaalee riifoormii
gaggeessuun 65 96
gahumsa fi bu’a Qorannoowwan Sagantaa xiinxala itti quufinsa maamilaa (Satisfaction
qabeessummaa qulqullinaan Survey)

karoora naannichaa gaggeefamanii rakkoo


karoora misoomaa furan - Sagantaa onnachiiftuu
foyyeessuu (9)
(9)
Saganataa keessummessaa komee

Qorannoo imaammataa Misoomaa

Sirna bulchiinsa ragaa

Sagantaa fooyya’insa karoora misoomaa

misoomaa

Sagantaa walitti dhufeenya maamiltootaa fi


dhimmamtootaa

49 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa dhiyeessaa lojistiiksii fi mijaa’ina iddoo hojii

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Aadaa gamtaan hojii yeroo


dabale (2)
Aadaa bu`aa fi 76 95 Sagantaa meeshaalee riifoormii
bu`a
Sagantaa uummataa fi misoomaa
qabeessuummaaf
Karoora bu’aa irratti Dok
hojjachuuguddisuu(
xiyyeeffatee qophaa’e (2) Sagantaa muuxannoo gaarii babal’isuu
6)
70 97
IjaarsaDandeetti (20)

Sagantaa misooma qabeenya namaa

Madaallii raawwii Dok


Sagantaa dhiyeessaa lojistiiksii fi mijaa’ina iddoo hojii
karooraa bu’aa irratti
xiyyeeffatee gaggeeffame 70 100 Sagantaa fayyadama teeknooloojii
(1)
Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa
Muuxannoo aadaa hojii Dok
gaarii qindaa’ee hojiirra
oole (1) 60 99

Dandeettii Sadarkaa raawwii fooyya’e %


hooggansa karoora (4)
misooma Naannoo 70 100 Sagantaa meeshaalee riifoormii
fooyyessuu (4)
Sagantaa gamaaggama raawwii karoora misoomaa

Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa muuxannoo gaarii babal’isuu

Sagantaa misooma qabeenya namaa

50 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Sagantaa dhiyeessaa lojistiiksii fi mijaa’ina iddoo hojii

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Mijaa`ina iddoo Loojistiiksii guutame (2) %


hojii fooyyessuu(5)
75 100 Sagantaa meeshaalee riifoormii

Hojjettootaa fi % Sagantaa xiinxala itti quufinsa maamilaa (Satisfaction

maamiltootaa dhugaa Survey)

bahan(3) 75 100
Sagantaa walitti dhufeenya maamiltootaa fi
dhimmamtootaa

Sagantaa uummataa fi misoomaa

Sagantaa misooma qabeenya namaa

Sagantaa dhiyeessaa lojistiiksii fi mijaa’ina iddoo hojii

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

Itti fayyadama Meeshaalee tekinooloojii


tekinooloojii guutaman (2)
Sagantaa meeshaalee riifoormii
guddisuu (5) %
80 100
Sagantaa uummataa fi misoomaa
%
Meeshaalee tekinooloojii Sagantaa misooma qabeenya namaa
fayidaarra oolan(3) 70 98
Sagantaa dhiyeessaa lojistiiksii fi mijaa’ina iddoo hojii

Sagantaa fayyadama teeknooloojii

51 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Sagantaa hordoffii hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamaa

52 | K I B O K K M D O ( 2 0 1 3 - 2 0 2 2 )
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

12. Hojiiwwan Gurguddoo/Pirojektoota/ Tarkaanfiilee Tarsiima’aa Keessatti


Hojjetaman:-
12.1. Hojiiwwan Riifoormii
Karoorri misooma naannichaa kallattiiwwan haaraa fi galmoota gurguddaa qabatee
qophaa’aa waan jiruuf, karoorichi bifa saffina, qulqullinaa fi bu’aa-qabeessummaa
ol’aanaatiin akka raawwatamu jijjiiramootni sadi KKMDO’f ni barbaachisu.

a) Caasaan KKMDO bifa karoora misooma naannichaa haaraa kana


baadhachuu danda’uun irra-deebiin gurmaa’uu qaba. Fakkeenyaaf sirni
sassaabbii, kuufama, gurmaa’insaa, fi tamsaasa ragaawwan istaatistiiksii
keenya hanqina saayinsaawummaa waan qabuuf hanqina qulqullinaa fi
amanamummaa ol’aanaa akka qabu yeroo hedduuf himamaa tureera.
Rakkini akkasii kan furamu gurmaa’insaan fi teknolojii gargaaramuudhaan
ta’a. Kana malees, misoomni qonnaa keenya haala qilleensaa giddu-
galeessa taasifatee akka gaggeeffamu, misoomni industirii keenyas dilbii
uumamaa naannichi qabu bu’uura godhatee akka gaggeeffamu ni
barbaadama. Kunis, ‘spatial planning’ jiraachuu gaafata. ‘Spatial planning’
gurmaa’insa amma jirurraa adda-ta’e gaafata. Kanneen biros kaasuun ni
danda’ama.
b) Sirni hordoffii fi gamaaggama karooraa hammayyummaa isaa eeggate
(bu’aarratti hundaa’e) hoogganummaa KKMDOtiin manneen hojii
mootummaa naannichaa hunda keessatti diriirfamuu qaba. Sirni hordoffii fi
gamaaggamaa amma hojiirra jiru sirna beekamtii hinqabnee fi bu’aa caalaa
carraaqqii ykn tattaaffii godhameef gatii kenna. Kuni ammo harkifannaa
hojiitiif fala kennuu waan hindandeenyeef hojiiwwan misoomaa madda itti-
quufinsa hawaasaa ta’uun hafee madda komii ummataa akka ta’an sababii
ta’eera. Kana malees, dadhabina raawwii keessatti mul’ateef qaamni
ittigaafatamummaa fudhatu akka hinjiraanne daandii saaqee jira. Kana
waan ta’eef, haala kana jijjiiruudhaan carraaqqii godhamu bu’aa isaatiin
madaaluuf, akkasumas dadhabbiiwwan mul’atan abbaa ittigochuuf sirni

KIBO 2013-2022 53
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

hordoffii fi gamaaggamaa yeroo faana adeemu qaama sirna hooggansa


misoomaa ta’ee diriirfamuu qaba.
c) Dhimmi ittifayyadama Technolojii Qunnamtii Odeeffannoo (TQO) qaama
jijjiirama KKMDO keessatti gaggeeffamuu ta’ee fudhatamuu qaba. Manneen
hojii mootummaa keessatti waa’een TQO yemmuu ka’u yeroo heddu
tajaajila kallattiin kennamu wajjiin qofa walqabsiifamee ka’a. Haata’u malee
hojiiwwan kallattiin abbaa dhimmaa wajjiin wal hin argines TQO’n
gargaaramuu qabu. KKMDO keessatti qorannoon imaammataa, sassaabbiin
ragaa istaatistiiksii fi hordoffiin hojii misoomaa ‘online’ gaggeeffamuu
danda’u. Kana malees, GIS fi tamsaasni ragaalee fi gabaasota adda-addaa
karaa marsariitii darbuu danda’u. Kana hundaaf, fayyadamni TQO
murteessaa ta’a.

Jijjiirama Bu'uura Adeemsa Hojii (JBAH) haala gurmaa’iinsa mana hojii kanaan
qopheessuu fi tajaajila saffisaa fi si’aayina qabu tajaajilamaaf ni kennama.
Akkasumas, kenniinsa tajaajila keenyaa irratti yaada maamiltoonni keenya
kennan fudhachuun fedhii maamiltootaa ‘customer index’ sassaabuun xiinxala
gaggeessuun itti quufnsi maamila keenyaa akka dabalu hojjachuu fi komiin yoo
jiraate tajaajila keessummeessa komiitti yaada dhiyeessuun furmaata akka argatu
gochuun, tajaajilli uummataa akka dabaluuf ragaa qulqulluu fi karoora misooma
naannichaa keessatti hirmaannaan hawaasaa akka dabalu gochuuf hojjechuu
dha.

Haaluma kanaan, cheek-listii hojii kurmaana kurmaanaan baasuun harcaatii hojii


keessatti mul'atan hunda safaruun adda baasuudhaan ittin hojjechuu fi raawwii
hojii irratti xiinxala gaggeessuun hanqinaalee jiran irratti duub-deebii kennaa
deemuun akka sirreeffamu taasisuudha.

Karoorri waggaa, kurmaanaa, ji’aa fi torbaniin gadi caccabee hanga hojjataa


dhuunfaatti gadi bu’ee hojiirra akka oolu gochuun, raawwii isaa hordofuu fi
gabaasuu, marii hojjettoota garee waliin torban torbaniin gaggeessuun
hanqinaalee fi ciminaalee hojii keessatti mudataniif kallattii kennaa deemuu,

KIBO 2013-2022 54
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

akkasumas Daareektaroota waliin torban lama lamaan sadarkaa hoggansaatti


marii taasisuu fi bakka hogganaan mana hojichaa argamutti ji'atti yeroo tokko
wal-gahuun rakkoolee akka waliigalaatti jiran irratti marii gochuun furmaata
kaa'uudha.

Gama biraatiin, madaalli hojjettoota waggaatti yeroo lama (ji'a Amajjii fi Waxabajjii)
keessa gaggeessuun madaalliin hojjetaa ni raawwatama.

12.2. Dandeettii raawwachiisummaa cimsuu


Dandeettii raawwachiisummaa cimsuu ilaalchiisee carraa barnootaa gahumsaa fi
dandeettii hojjettootaa fooyyeessuu kennuu, leenjiiwwan adda addaa kennuu,
marii fi workishooppii hubannoo cimsuu gaggeessuu, hojiilee awutoomeeshiinii
akkasumas gurmaa’insa mana hojii foyyeessuun ni hojjetama.

12.3. Karoora Misoomaa

Sirna Hirmaannaa Hawaasaa Cimsuu

Mootummaan imaammata, tarsiimoo fi sagantaa misoomaa baafatee hojiirra


oolchuudhaan jiruu fi jireenya uummata Naannichaa fooyyessuudhaaf karoorrii
imala badhaadhinaa kun qophaa’ee jira. Hojiirra oolmaa imaammataa fi
kalattiwwan misoomaa keessatti sagantaalee, riiformiiwwan adda addaa fi
paakeejiiwwan qopheessuudhaan hirmaannanii fi fayyadamummaan uummataa
akka mirkanaa’u taasisuuf yaaliin taasifamaa turee jira.Keessumaa, baroottan
dabran sadarkaa aanaatti sirna al-waaltinsaa gaggeeffamaa jiruun walqabatee,
hirmaannaan ummataa akka cimu ta’ee jira. Sirni al-waaltinsaa /decentralization/
itti-gaafatamummaa fi murtii kennuu gara uummataatti dabarsuuf dandeessisu
isaaniin alatti, gama fooyya’iinsa kenniinsa tajaajila iftoomina qabu mirkaneessuu,
adeemsa sirna dimokraasii ijaaruu fi misoomaa saffisiisuu keessatti gaheen inni
qabu baayyee ol’aanaadha.

Akkasumas, sirni al-waaltinsaa eega hojiirra oolee asitti, aanaaleen baajata


ramadameef akka bu’uura fedhii misooma isaaniitti tartiiba baasanii akka

KIBO 2013-2022 55
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

ramadatanii fi itti-fayyadaman akkasumas bulchiinsa baajataa /alwaltinsa


fiskaalaa/ dabalatee dhimmoota hedduu irratti foyyaa’iinsi gaarii mul’ateera.
Kanaafuu, ka’uumsi misoomaa fi karoora misooma keenyaa uummata sadarkaa
gadiitti argamu waan ta’eef carraa guddaa qabnu kana duguuganii itti
fayyadamurratti ciminaan hojjachuu ni barbaachisa. Hojiiwwan misoomaa
gaggeeffamaa jiranu keessatti hirmaannaa ummata akka toora xiyyeeffannaa
tokkootti qindoominaan irratti hojjachuun milkaa’ina gama kanaan eegamu fiduun
ni danda’ama.

Waggoottan sadan dabran keessatti Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee


hojiiwwan hedduu gama human raawwannaa cimsuu fi sirna diriirsuu tiin
hojjataa tureera. Sirna Qophii Karoora Qindaawaa fi Hirmaachisaa Hawwaasaan
Qophaa’u (KQHHQ) babalisuuf hojiin hedduu hojjatamee jira. Haa ta’u malee,
hojiiwwan eegalaman kana haala guutuu ta’een lafa qabsiisurratti hanqinoota
jiranu furuun sirna kana babalisuurratti kan hojjatu ta’uu qaba.

Filannoowwan misoomaa Naannoon keenya qabu (Development Alternatives) adda


baasuun Karoora Misoomaan deeggaramee akka hojiirra oolu taasisurratti sirni
kun baay’ee murteessaadha. Akkasumas, sosochii uummataa misooma keessatti
taasifamaa jiru hojimaata ifa ta’e irratti hundaa’uun karaa ijaarameenii fi
qindoomina qabuun karooraan hogganuu fi gaggeessurratti xiyyeeffannaan irratti
kan hojjatamuu ta’a.

Adeemsa Qophii Karoora Misoomaa Amayyeessuu

Bakkeewwan hundinuu carraa misoomuu akka qaban beekamee guddinaa fi


misooma walgitiinsa qabu mirkaneessuuf sirna karoora misooma kanaaf mijate
diriirsuun barbaachisaadha. Sirni kun karoora misoomaa haala qabatamaa jiru
bu’ureeffatee fi gaaffii fedhii misoomaa hawaasni keenyaa gaafachaa jiru kan
deebisu ta’a. Haala qabatamaa jiruun, qabeenyaa fi carraa misoomaa qabnu
hunda adda baasuun haala guddinaa fi misooma naannoo/Qe’ee sanaa (localities)
saffisiisuu dandeessisuun hojiirra oolchuun fayyadamummaa hawaasaa
mirkaneessun barbaachisaadha.

KIBO 2013-2022 56
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Keessumaa, yeroo ammaa gaaffii misoomaa bala’aa hawaasa keenyaa deebisuu


keessatti dhimmi kun murteessaa ta’uun beekamee xiyyeeffannaan irratti
hojjatamuu qaba. Godinaaleen/ Aanaaleenii fi magaalotni keenya haala
qabatamaa jiruun poteenshaala misooma qabanirratti hundaa’uun akka
misoomaan taasisuuf tarsiimoo fi haammata (Framework) kanaaf mijate
qopheessuun hojirra oolchuu murteessaadha. Muuxannoowwan kanaan dura
gama hojiirra oolmaa ‘Hulaa Misoomaa’ tiin argaman adda basuunii fi qorannoo
gadi-fageenya qabu gaggeessuun sirna kanaaf mijatu diriirsuun hojii ijoo ta’a.
Kanaafuu, karoora misooma wagga kudhanii kana keessatti dhimmootni armaan
gadii toora xiyeeffanna ta’u;

Haaluma kanaan, hojii gama kanaan hojjatamu milkeessuuf ragaalee fi


muuxannoowwan adda addaa biyyoota biraa tarsiimoo sirni qophii karooraa
iddoorratti xiyyeeffate ittiin gaggeeffamu qindeessuu, ragaalee fi muuxannoowwan
biyyoota bira tarsiimoo sirni qophii karooraa iddoorratti xiyyeeffate marii
adeemsisuun bu'aa qabeessummaa isaaniirratti yaada jiru qindeessuun tarsiimoo
sirni qophii karooraa iddoorratti xiyyeeffate ittiin gaggeeffamu haala
qorrannoorratti hundaa’een bocuuf gargaara.

Qorannoowwan pirojaktoota Gurguddoo irratti Hirmaachuu

Akka Naannoo keenyaatti, pirojaktoota akka Naannootti faayidaalee dinagdummaa


ol’aana qaban qopheessuuf carraalee misoomaa (Development potential)
qabnurratti qorannoon of danda’e tokko karaa ‘project office’ tiin akka gaggeeffamu
taasisuun akka finnannoo tokkootti dhiyaatee jira. Adeemsi kun muuxannoo
argachuuf kan gargaaruu fi qulqullina hojii kanaa mirkaneessuuf kan
gargaaruudha.

Bu’a qorannoo kanarratti hundaa’uunii fi haala tarsiimoo kanaan walsimeen


karoora misoomaa qopheessuun/fooyyessun hojiirra oolchuun dhimma
barbaachisaadha. Akkasumas, qajeelfamootaa fi maanuwaliiwwan sirni karooraa
kun ittiin qophaa’uu fi hojiirra oolu qopheessuu fi muuxannoowwan gaarii gama

KIBO 2013-2022 57
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

hojiirra oolmaa fi tarsiimoo kanaa tiin jiranu adda baasuun humna


raawwachiisummaa cimsuurratti xiyyeeffatamee kan hojjatamu ta’a.

Humna Raawwachiisummaa Karoora Misoomaa cimsuu

Karoora misoomaa imaammataa fi tarsiimoo misooma irratti hundaa’ee fi fedhii


misooma hawaasaa deebisuu qopheessuun murteessaa ta’uun ni beekama.
Haaluma kanaan, xiyyeeffannaan hojiira oolmaa karoora misoomaa tiif kennamu
bakka ol’aanaa kan qabuudha. Hojiirra oolmaan Karoorri Daandii
Badhaadhinaxiyyeeffannaa ooggantootaa fi gaggeessitootaa argatee haala
gaafatamummaa fichisiisuun (Legtimate Document) sagantaalee fi pirojaktoota
bu’aa qabeessa ta’aniin deeggaramee akka hojiitti hiikamu taasisuuf hubannoo
tokkoon socho’uu gaafata.Akkasumas, haala itti fufiinsa qabuun humna
raawwachiisummaa sadarkaa sadarkaan jiru leenjiin cimsuun dhimma
murteessaadha.

Gama biraa tiin, hojiirra oolmaa karoora misoomaa cimsuuf caasaan sadarkaa
sadarkaan jiru haala ogummaarratti hundaa’een akka gurmaa’uu fi teekinoolojiin
deeggaramu (Institutionalize) qindoominaan hojjachuun
barbaachisaadha.Galmootnii fi maniiwwan gurguddoo karoora misoomaa haala
tarsiima’aa ta’een karoora misooma waggaa keessatti haammatamee akka hojiitti
hiikamu gochuuf maaniwaaliwwan (Implementation Manual) qopheessuun hojiirra
oolchuun barbaachisaadha. Gama biraa tiin sirna hordoffii fi duub-deebii cimaa
ta’e hojiira oolchuun hanqinaalee raawwii keessatti quunnaman hiika deemuun
milkaa’ina eegamu fiduun ni danda’ama. Akkasumas, haala adeemsa raawwii
sagantaalee fi piroojaktoota ijoorratti waltajiiwwan marii qopheessuun hanqinaalee
mula’ataniif fala kaa’aa deemuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan, milkaa’ina
barbaadamu fiduuf dhimmootni armaan gadii murteessaadha;

 Hojiirra oolmaan karoora misoomaa xiyyeeffannaa ooggantootaa fi


gaggeessitootaa argatee haala gaafatamummaa fichisiisuun sagantaalee fi
pirojaktoota bu’aa qabeessa ta’aniin deeggaramee akka hojiitti hiikamu
taasisuuf hubannoo uumuu;

KIBO 2013-2022 58
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

 Hojiirra oolmaa karoora misoomaa cimsuuf caasaan sadarkaa sadarkaan jiru


haala ogummaarratti hundaa’een akka gurmaa’uu fi teekinoolojiin deeggaramu
(Institutionalize) qindoominaan hojjachuu;
 Haala itti fufiinsa qabuun humna raawwachiisummaa sadarkaa sadarkaan jiru
leenjiin cimsuu;
 qabeenya (resources) gama hundaan socho'aa jiru karooran akka oogganamuu
fi bifa bu'aa qabeessa ta'een hojiira oolee gahee guddina misoomaa naannoo
keessatti qabu akka bahuu fi uummatni fayyadamaa ta’u hariiroo hojii fi
walitti dhufeenya qaamolee adda addaa waliin jiru cimsuu;
 Sirna horddoffii fi deeggarsa cimaa hojiirra oolchuu, akkasumas duub-deebii
kennamurratti muuxannowwan gaarii qindeessuu fi babal’isuu;
 Karoorri misooma yeroo dheeraa fi giddu-galeessaa haala tarsiima’aa ta’een
karoora raawwiitti hiikamee (Operational Plan) akka hojiirra oolu taasisuuf
maanuwaalii ittiin hojiirra oolu (Implementation manual) qopheessuu;
 Karoorri misooma yeroodheeraa fi giddu-galeessaa akkaataa kallattii misooma
biyyaa/Naannoo, bu’aagamaaggamaa fi duub-deebii argamuun fooyyessuu;

Qindoomina Uumuu

Mootummaan Naannoo qabeenya jiru hunda qindeessuun, karooran oogganuunii


fi bifa bu'aa qabeessa ta'een hojiirra oolchuun fayyadamummaa uummataa
dhugoomsuutu irraa eeggama.Kanaafuu, Mul’ata akka Naannoo/biyolessaatti jiru
dhugoomsuu fi fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuuf misooma
keenya karooraa fi beekumsaan oogganuuf qophiin barbaachisaa ta’e taasifamuu
qaba.Gama kanaan, gahuumsii fi bu’a qabeessumaan gaggeessitootaa baayyee
murteessaadha.

Misooma Naannoo keenyaa saffisiisuu keessatti hirmaannaa fi qooda fudhannaa


deeggartoota misoomaa cimsuu fi qindoominaan hojjachuu (waldaaleesiivilii,
dhaabbilee akkaadamii,dhaabbile sab quunnamtii uummataa, abootti qabeenya
dhuunfaa fi kkf ) baayyee murteessaadha. Kanaafuu, misooma gaggeeffamaa jiru
keessatti, hirmaannaa deeggartoota misoomaa fi qooda fudhattootaa cimsuuf

KIBO 2013-2022 59
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

waltajjiiwwan marii (Platform) qopheessuun yaadaa fi duub-deebiin wal-ijaaraa


deemuun baayyee barbaachisaadha.

Keessumaa, imaammataa fi tarsiimoo mootummaa beeekuun karoora misooma


Naannoo hoogganuu fi deeggarsa kennuurratti xiyyeeffatamee hojjatamuu
qaba.Karoora misoomaa raawwachuu keessatti haala tarsiima’aa ta’een bu’aa
waliigalaa eegamu ykn jijjiirama dhufuu qabu waliin walqabsiisuunii fi dhimmoota
ijoo ta’an irratti xiyyeeffachuun hojjachuun barbachisaa ta’a.

Gama biraatiin, imaammataa fi tarsiimoo mootummaa beeekuun karoora misooma


Naannoo hoogganuu fi deeggarsa kennuun beekumsaa fi gahuumsa ogummaa
(Professional Competence) kan barbaaduudha. Guddinaa fi misooma hawaas
dinagdee gaggeeffamu keessatti haala jijijjiirama jiruu waliin deemuuf kallattii
hundaan ogeessa kutannoo fi gahuumsa qabu horachuun
barbaachisaadha.Akkasumas, hojiirra oolmaan rifoormiwwanii keessatti
xiyyeeffannann human raawwachiisumma cimsuu tiif kennamu bakka ol’aana
qaba.

Hubannoo kanarra ka’uun, imaamataa fi tarsiimowwan ifa ta’an qabaachuun


akkuma jirutti ta’ee, humna namaa baratee gahuumsa qabuu fi jaarmiyaalee
ciccimoo mul’ata kana dhugoomsuu danda’an uumuuf hojjachuu gaafata.Hojiin
gurmaa’insa kanaaf barbaachisu diriirsuu akkuma jirutti ta’ee haala
qorannoorratti hundaa’een ciminaa fi dadhabbina jiru beekuun humna
raawwachisummaa cimsurratti hojjachuun barbaachisaadha. Akkasumas,
jijijjiirama gurmaa’insaa fi caasaa manneen hojii tiin walqabatee quunnamu waliin
haala itti fufiinsa qabuun leenjiwwan ogummaa cimsan kennuun ogeessotni
beekumsaa fi muuxannoo gaarii akka goonfatan taasisurratti hojii bal’aa kan
hojjatamu ta’uu qaba.

Gama biraa tiin, hirmaannaa deeggartoota misoomaa fi qooda fudhatootaa cimsuu


ilaalchisee misooma Naannoo keenyaa saffisiisuu keessatti hirmaannaa fi qooda
fudhannaa deeggartoota misoomaa cimsuu fi qindoominaan hojjachuun (waldaalee
siivilii, dhaabbilee akkaadamii, dhaabbilee sab-quunnamtii uummataa, abootti

KIBO 2013-2022 60
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

qabeenya dhuunfaa fi kkf) dhimma murteessaadha. Akkasumas, misooma


gaggeeffamaa jiru keessatti, hirmaannaa deeggartoota misoomaa fi qooda
fudhattootaa cimsuuf waltajjiiwwan marii (Platform) qopheessuu fi haala itti
fufiinsa qabuun marii gaggeessuun bu’aa gama kanaan eegamuu malu
milkeessuun ni danda’ama.

Haaluma kanaan, ragaalee adda addaa gama hirmaannaa deggartoota misoomaa fi


qooda fudhattootaan jiru qindeessuu fi misooma gaggeeffamaa jiru keessatti
deeggartoota misoomaa fi qooda fudhattootaa gahee ol’aanaa qaban adda baasuun
beekkamtii akka argatan taasisuuf ni hojjatama.

Qorannoowwan pirojektoota/sagantaalee Gaggeessuu/Hirmaachuu

Pirojaktoota akka Naannootti faayidaalee dinagdummaa ol’aana qaban


qopheessuuf carraalee misoomaa (Development potential) qabnurratti qorannoon
of danda’e tokko karaa ‘project office’ tiin akka gaggeeffamu taasisuu fi akkaataa
kallattii fi tarsiimoo misoomaa jiruun qorannoowwan pirojaktoota gurguddoo
irratti hirmaachuu fi deeggarsa kennuuf kan hojjatamu ta’a.

Akkasumas, pirojaktootni qorannoon adda bahan kun karoora misoomaa yeroo


dheeraa fi giddu-galeessaa keessatti akka haammatamanii hojiirra oolan
qindoominaan hojjachuun bu’ua qabeessummaa gama kanaan eegamu
mirkaneessuuf kan hojjatamu ta’a. Gama biraa tiin, ragaalee pirojaktoota
gurguddoo fi pirojaktoota akka naannoo keenyatti fayidaalee dinagdummaa
ol’aanaa qaban qindeessuu fi hanqinoota gama hojiirra oolmaa pirojaktootaan jiru
qorannoon adda baasuu fi humna raawwachiisummaa gama qophii fi bulchiinsa
pirojaktootaa tiin jiru cimsuuf kan hojjatamu ta’a.

12.4. Qophii Pirofaayilii Hawaas-Dinagdee fi GIS


12.4.1.Qorannoo Pirofaayilii Hawaas-Dingdee

Qophiin/qorannoon pirofaayilii hawaas-dinagdee qajeelfama (Guide line) qophaa’e


irratti hundaa’uudhaan godinaalee fi aanaalee akkasumas bulchiinsa magaalotaa

KIBO 2013-2022 61
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

waliin ta’uudhaan kan qophaa’u yoo ta’u hojiiwwan waggoottan kurnan dhufan
keessatti raawwataman akka armaan gadiitti dhiyeessuuf yaalameera;
Piroofaayilii hawaas-dinagdee Naannoo jildii 6 ffaa, 7ffaa fi 8ffaa ragaa bara 2011 hanga
2021tti jiruun bara sadii sadiin qopheessuu/haaromsuu, maxxansiisuu, tajaajila
akka kennuu gochuu fi dokumantii ‘Oromiya in Brief-Part XI, XII, XIII, XIV fi XV
ragaa hawaas-diinagdee bara 2011 hanga bara 2021tti jiruun bara baraan
qopheessuu/haaromsuu, maxxansuun tajaajila akka kennuu gochuun kan
raawatamu yoo ta’u piroofaayilii hawaas-dinagdee godinaalee 21 fi bulchiina
magalootaa 19 daa’immanii fi haadholii irratti xiyyeeffate godinaalee fi bulchiinsa
magaalotaa waliin ta’uun ragaa bara 2011 hanga 2021 tti jiruun bara sadi-sadiin
qopheessuu/haaromsuu, idiitii gochuu, ragaa sadarkaa Naannoorraa argamuun
gabbisuun xumuruu, maxxansiisuu, raabsuu fi weebsaayitii irratti gadi-dhiisuun
ni raawwatama. Gama biraatiin, carraa fi rakkoo hawaasummaa fi dinagdee
godinaalee horsiisee bulaa keessa jiru adda baasuuf Godinaalee horsiisee bulaa
keessaa godinoota afur fudhachuun pirofaayilii hawaas-dinagdee godinichaa
marsaa tokkoffaa ragaa bara 2013 hanga 2015tti fi marsaa lammaffaa ragaa 2017
hanga 2020tti jiruun qopheessuu fi maxxansiisuun tajaajila akka kennu gochuun
ni hojjetama. Kana malees, pirofaayilii hawaas-dinagdee babal’ina Industirii waliin
walqabatee misoomaa fi rakkoo hawaasummaa jiru ilaalchisee oggeessota
bulchiinsa magaalotaa waliin ta'uun kan bulchiinsa magaalota Naannoo Finfinnee
6 (ja’a) akka pirojektiitti gadi fageenyaan qorachuun qopheessuun (2013-2022)
keessatti kan raawwatamu yoo ta’u pirofaayilii hawaas-diinagdee magaalota
sadarkaa ol aanaa ja'a fudhachuun haala hojii dhabeeyyii fi carraa hojii jiru irratti
xiyyeefachuun addatti akka pirojektiitti gadi fageenyaan gadi bu’uun qopheessuun
bara (2013-2021) keessatti ni gaggeeffama. Itti fayyadamtoota ragaa piroofayilii
Naannoof deggarsa barbaachisaa ta’e kennuu fi hojiiwwaan qaama adda addaa
irraa dabalataan kennaman hojjachuunis kan raawwatamu ta’a.

12.4.2. ‘GIS’ fi Kaartaa

Waggottan kurnan dhufan keessatti hojiin gama ‘GIS’ fi kaartaan hojjetamu


xiyyeeffannoo guddaan kennameef galteewwan karooraa iddoo irratti xiyyeeffateef

KIBO 2013-2022 62
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

(Spatial planning) akka gumaachu kan taasifamu yoo ta’u hojiiwwan gurguddoo
armaan gadii irratti xiyyeeffachuun kan raawwatamu ta’a. Atilaasii giddu-galeessa
Oromiyaa jiildii 2ffaa fi 3ffaa qopheessuu/haaromsuu, dokumantii maxxansiisuu fi
raabsuu, atilaasii kibbaa fi kibba baha Oromiyaa jiildii 3 ffaa qopheessuu,
maxxansiisuu fi raabsuu, facaatii bu'uuraalee misoomaa fi hawaas-dinagdee fi
qabeenya uumamaa adda addaa kanneen qophii atilaasii 2 ffaa fi 3ffaa facaatii
ragaalee bu'uura misooma godinaalee 21 fi magaalota 19 agarsiisan (‘Rural
Facilities Atlas of 21 zones and 19 towns of Oromiya’)f barbaachisan bara 2008
kaasee bara baraan 'GPS'n sassaabuu, sassaabsisuu, xiinxaluun haala hojii
kaartaaf ta'uun qindeessuu, atilaasii 2ffaa fi 3ffaa facaatii ragaalee bu’uura misooma
Naannoo, godinaalee 21 fi magaalotaa 19 (Rural Facilities Atlas of Oromiya 21
zones and 19 towns ) agarsiisan sadarkaa fi iskeelii adda addaatiin 'GIS'iidhaan
hojjechuu, maxxansiisuu, tajaajila akka kennan gochuu, teekinoolojii ammayyaa
kan akka 'GIS' fi 'GPS' fayyadamuu fi ‘areial photography and satellite image’iif
hiika kennuun ragaalee dachee lafaatiin walqabatan, ragaalee hawaas-dinagdee fi
qabeenya uumamaa sassaabuu, sassaabsisuu, xiinxaluu fi qindeessuun kartoolee
daangaa bulchiinsa magaaloota muummee 10 saamuuda fudhachuun
qopheessuudhaan tajaajila akka kennan gochuun ni raawwatama. Gama biraatiin
ragaalee daangaa bulchiinsa naannoo, godinaalee, magaalootaa 400, gandoota
baadiyyaa aanaalee 290f 'shape file', argama, kallattii fi bal’ina(size) ibsan
qopheessuun, kaartolee facaatii qabeenya uumamaa, ragaalee hawaas-dinagdee fi
daangaa bulchiinsaa agarsiisanii fi kan biroo qophii atilaasii fi pirofaayiliif
barbaachisan adda addaa sadarkaa fi iskeelii adda addaatiin hojjechuun qaama
dhimmi ilaaluuf dabarsuun ni raawwatama. Kana malees, godinaalee haaraa
hundeeffaman ilaalchisee ragaalee kanneen akka baay'ina aanaalee, baay'ina
ummataa, baay'ina gandootaa, kaartaa fi bal'ina lafaa sirreessuun hojiif akka
oolan gochuun akkasumas itti fayyadamtoota ragaa 'GIS' Naannoof deggarsa
barbaachisaa ta’e kennuu fi hojiiwwaan qaama adda addaa irraa dabalataan
kennaman hojjachuun akkaataa barbaadamuun kan raawwatamu ta’a.

KIBO 2013-2022 63
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Akkuma beekamu hojiiwwan armaan olitti tarreeffaman qulqullinaa fi gahumsa


irraa eegamuun raawwachuun kan danda’amu ogeessotni sadarkaa naannoo,
godinaalee fi aanaaleerra jiran hubannoo fi leenjiiwwan addaa addaa argatanii
dandeettii raawwachisummaa isaanii akka cimsatan ni ta’a. Haaluma kanaan
waggoottan kurnan dhufan keessatti dhimmi dandeettii raawwachisummaa
cimsuu xiyyeeffannoon kan raawwatamu yoo ta’u kanneen keessaa waggaatti
yeroo lama haala guriinsa, qabiinsaa fi qophii piroofaayilii fi ‘GIS’ irratti WKMD
Godinaalee fi magaalootaa waliin marii gaggeessuu, deggarsa teekniikaa fi
ogummaa akkasumas hojiiwwan hojjetaman irratti duub-deebiin ni kennama.

Gama biraatiin leenjii teeknoolojii ‘GIS’, ‘GPS’ fi 'remote sensing’ fayyadamuun


ragaalee dachee lafaatiin walqabatanii fi facaatii bu’uuraalee misooma hawaas-
diinagdee adda addaa sassaabuu, sassaabsisuu, qindeessuu, gurmeessuu,
xiinxaluu, atilaasii facaatii qabeenya uumamaa (geo-spatial data) fi hawaas-
dinagdee irratti ogeessota sadarkaa Komishinii, godinaalee fi magaalota sadarkaa
tokkoffaarratti argaman sadarkaa sadarkaan leenjiin kan gaggeeffamu yoo ta’u
haala qophii piroofaayilii, atilaasii fi qo’annoo fiziikaal ji’ogiraafii fi maanuwaalii
hojiirratti ogeesota WKMD Godinaalee fi magaalotaaf sagantaan hubannoo uumuu
fi leenjiiwwan dandeettii raawwchisummaa cimsuu bal’inaan ni gaggeeffamu.

12.5. Istaatistiksii Naannoo


Karoora misoomaa waggaa kudhanii (2013-2022) milkaa’aa ta’e qopheessuuf
ragaa qulqulluu, amansiisaa, wayitaawaa fi hammayyaa hawaas-dinagdee ta’e
barbaachisaa dha. Kana malees, qophii karoora bara 2008-2012 akka gargaaran
ragaa bu’uraalee misoomaa sadarkaa sadarkaan jiran xinxalamanii karoora bara
2013-2022tiif galtee ni ta’u. Haaluma kanaan, hojiilee waggaa kudhanii (2013-
2022) hojjechuuf karoorfaman keessaa inni tokko Istaatistikaal Abistiraaktii
Naannoo kan hojii bara 2012 jildii 19 ffaa jalqabame xumuuruun jildii 20ffaa--28ffaatti
bara 2013-2022 bara baraan ragaalee walitti qindaa’e xinxaluun guulaaluu,
dokumantii qophaa’ee maxxansaaf qaama ilaallatuuf dabarsuu, dokumantii
maxxansaaf ergame hordofuu akkasumas dokumantii waliigala(9) maxxanfamee

KIBO 2013-2022 64
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

fayyadamtootaaf kan raabsamu ta’a. Haaluma walfakkaatuun, Istaatistikaal


Pookkeettii Naannoo ykn ‘Facts and Figures’ 10ffaa kan bara 2012 hojjetamaa turee
as darbe xumuuruun Istaatistikaal Pookkeettii Naannoo ykn Facts and Figures’
11ffaa-19ffaa bara 2013-2022 bara baraan ragaalee dokumantii Istaatistikaal
Abstiraaktii Naannoo jildii 20ffaa-28ffaatti walitti qindaa’e xinxalamee guulaalame
irraa barreessuun ragaa haala salphaa ta’een qabachuuf akka miijaa’uu
fayyadamtootaaf qopheessuu ta’a.

Gama biraatiin, ragaalee waggoota muraasa dura sassaabame xinxalamuun


maxxanfame akka Istaatstistikaal Abstiraaktii Naannoo irraa ragaalee walitti
qabuudhaan kan Induustrii fi IMX, Daandiif, Barnoota Leenjii fi Teeknikaa fi
Ogummaa, Inveestimentii fi Hojjetaa fi Haawaasummaa irratti bara 2008 irraa
eegalee bara baraan xiinxala gaggeessuu akkasumas Barnoota, Fayyaa, Bishaanii
fi Inarjii fi Qonna irratti bara 2013 irraa eegalee bara baraan xiinxala gaggeessuun
dokumantii waliigala(5) qopheesuu ta’a. Akkasumas, barruulee ‘Socio-economic
indicators’ ragaa bara (2011-2020) fayyadamuun bara baraan barreeffama
qopheessuun dokumantii waliigala (10) maxxansiisuu fi raabsuu ta’a.
Rakkoolee ragaa gama qulqullinaa fi wayitaawaa waliin walqabatee mul’achaa jiru
guutuuf karoora waggaa kudhanii (2013-2022) keessatti sarveeyii(survey)
dhimmoota induustrii, IMX, bishaan dhugaatii fi baayy’ina uummataa walqabatee
(daa'imman umuriin isaanii barnootaaf gahe), qonnaa fi fayyaa irratti qorannoo
gaggeessuu ta’a. Qarannoon kun kan gaggeeffamu haaluma ulaagaalee fi
maanuuwwaalii Ejeensiin Istaatistiksii Biyyooleessaa kan ittiin hordofuu fi ittiin
hojjetamuu ta’a. Akkasumas, waggaa kudhan (2013-2022) keessatti bara baraan
qaamoolee/dhaabbilee ragaa fi infoormeeshinii oomishan waliin hariiroo ummuun
qorannoo adda aaddaa gaggeesuu fi muxxannoo fudhachuu ta’a.

Karoora waggaa kudhanii (2013-2022) keessatti qulqullinni ragaalee bu’uuraa


sektaroota irraa qindaa’anii gara Naannootti eergaman kan walsimu ta’u isaanii
xinxaluuf gara godinaalee (21), aanaalee (25) fi bulchiinsa magaalotaa (19)
keessatti marsaa lama lamaan waggaa waggaan ragaalee walitti qabaman
dhugoomsuu (conduct data verification) akkasumas deeggarsa teeknikaa fi

KIBO 2013-2022 65
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

ogummaa kan keennamu ta’a. Gama biraatiin barruulee ‘Socio-economic


indicators’ ragaa (2011-2020) itti fayyadamuun bara baraan barreeffama
qopheessuun maxxansiisuun fayyadamtootaaf raabsuu.

Akkasumas kuusaa ragaa hawas-dinagdee ‘Oromiya Devinfo’tti manneen hojii(30)


keessatti kan hundeeffamu yoo ta’u kunis manneen hojii kun teeknoolojii kanaan
akka fayyadaman ta’a. Kuusaa ragaa hammayyaa ’Oromiya DevInfo’tti ragaa
hawaas-dinagdee kan sektaroota adda addaa (2010-2022) bara baraan galchuun
haaromsuun tajaajila akka kennuuf kan hojjatamuu ta’a. Kana malees,
seektaroota naannoo dhimmi isaa ilaallatu waliin ta’uun hojiin agarsiiftuuwwan
’devinfo’ keessatti hammatamanii jiran sakatta’uun haaroomsa gaggeesuu.

Misooma madaalawaa naannoo keenyaa keessatti akka mirkanaa’u gochuuf ragaa


qulqulluu irratti qofa hundaa’ee akka gaggeeffamuu fi haaqa qabeessummaa
qooddinsa baajata aanaalee bara baraan qopheessuuf ragaalee qooddii baajata
aanaalee bara (2013-2022) ragaalee barbaachisan walitti qabuun, ragaalee
sakkatta’uun qulqullina isaanii mirkaneessuudhaan xiinxaluu fi qindeessuun
qaama dhimmi ilaallatuuf yeroodhaan dabarfamu ta’a.

Hojiin ragaa xiyyeeffannoo akka argatuuf, akkasumas itti gaafatamummaan akka


jiraatu taasiisuuf labsii Istaatistiksii Naannoof bahe qulqullina ragaa (Data
Quality Framework) qaamni ilaallatu hojiirra oolchuu isaa hordofuu fi duub-
deebii kennuun sirreessuu, akkasumas labsii bahe irra deebi'uun
haaromsuun(amendement) mirkaneessisuu ta’a. Bifuma walfakkaatuun, labsii
Istaatistiksii Naannoof bahe irratti qooda fudhatoota hojii sirna Istaatistiksii
diriirsuuf ragaa fi informeshinii wayitaawaa fi ammayyaa’aa gochuu fi hojii irra
akka oluu taasiisuuf danbii fi qajeelfama Istaatistiksii Naannoo qopheessuun
Kaabinee Naannnoo mirkaneessiisuu ta’a. Kana malees, labsii, danbii fi
qajeelfama Istaatistiksii Naannoof bahe irratti hundaa’uun
maanuuwaalii/qajeelfama (Regional Administrative Data Management
Guideline) sirna Istaatistiksii Naannoo bara karoora waggaa kudhanii (2013-
2022) dokumantii afur qopheessuu fi haaroomsuu ta’a.

KIBO 2013-2022 66
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Gama biraatiin, kuusaa ragaa hammayyaa (SRDPO) sadarkaa saamudaatti


Godinaalee fi Aanaalee muraasa keessatti hojjetamee xumurame godinaalee (21) fi
bulchiinsa magaalotaa (19) keessatti babal’isuun waggaa kudhan (2013-2022)
keessatti akka waliigalaatti godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa (40) keessatti
babal’isuu ta’a. Hojii kuusaa ragaa hammayyaa (SRDPO) kan bara karoora
waggaa kudhanii (2013-2022) keessatti hojii karoorfamee galmaa gahuuf
meeshaalee barbaachiisan kan akka ‘Desk Top’(40) fi ‘Lap ToP’(40) Godinaalee (21)
fi Bulchiinsa Magaalotaa (19) keessatti bittaa gaggeessuu. Akkasumas, qabinsa
sirna ragaa hammayyeesuuf Moosaajii ‘Integrated Management Information
System (IMIS)’ manneen hojii (50) keessatti waggaa kudhan (2013-2022) keessatti
hundeessuun qabinsaa fi xiinxala ragaa manneen hojii kana keessatti
ammayyeessuu ta’a.

Haaluma walfakkatuun, qabinsa ragaa ammayyessuuf ‘Modern Data Base


Managment System’ diriirsuun Aanaalee (60), Godinaalee (21) fi Bulchiinsa
magaalotaa (19) fi Sektaroota Naannoo (50) Sarvarii (server) KKMDO waliin
walqunnamsiisuun ragaa barbadamu kallattiidhaan akka guutamuu fi
odeeffannoo fudhachuu akka danda’amu hojiirra oolchuu ta’a.

Hojiin sirni istaatistiksii naannichaa cimee lafa qabachuu fi ragaa fi


informeeshiniin gahee misooma naannoo agarsiisuu kan danda’u ogeessotni hojii
Istaatistiksii irratti hojjetaniif sektaroonni hubannoo fi dandeettii gahaa
qabaatanii karoora sirrii ta’e fayyadamuudhaan karoorri misoomaa yoo qophaa’e
qofadha. Kanaafuu, karoora waggaa kudhanii (2013-2022) kessatti gama
dandeettii raawwachisummaa cimsuuf yaada rimee ragaarratti oggeessota
Godinaalee 21, Bulchiinsa Magaalootaa 19 fi aanaalee 290 irratti hojjetan
namoota 6600 ta’aniif leenjiin ni keennama. Akkasumas humna
raawwachisummaa oggeessootaa cimsuu irratti hojjettoota Istaatstiksii
Godinaalee (21) fi Magaalota Muummee fi ol’aannoo (19)f ‘DevInfo’ irratti ogeessota
800'f leenjii kennuu ta’a.

KIBO 2013-2022 67
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Gama biraatiin Moosaajii ‘Integrated Managment Information System (IMIS)’


fayyadamuun kuusaa ragaa hamayyessuu fi xiinxaluuf leenjii manneen hojii
sadarkaa Naannoo fi ogeessota KKMDOf hirmaattoota 300f leenjiin ni kennama.

Kuusaa ragaa hammayyaa (SRDPO) sadarkaa saamudaatti godinaalee fi aanaalee


muraasa keessatti hojjetamee xumurame godinaalee 21 fi bulchiinsa magaalotaa
19 keessatti babal’isuuf ogeessota 800f leenjiin ni kennama. Kana malees, hojiin
ragaa xiyyeeffannoo akka argatuuf, gaafatamuummaan akka jiraatu taasiisuuf
labsii Istaatistiksii Naannoo bahe irratti qooda fudhattoota hubannoo qabaatanii
labsii bahe hojiirra akka oolchan marii waggaatti al-tokko gaggeessuu.
Akkasumas, leenjii kuusaa ragaa ‘Devinfo’ irratti manneen hojii sadarkaa
naannoo fi ogeessota KKMDO 400f kennuu.

Maanuuwaalii/qajeelfama (Regional Administrative Data Management


Guideline) sirna Istaatistiksii Naannoo qophaa'e irratti hubannoo fi dandeetii
guddisuuf qooda fudhattoota 1200f leenjii kennuu. Akkasumas, danbii fi
qajeelfamni labsii Istaatistiksii Naannoof bahe irratti danbiin Kaabinee
Naannnootiin osoo hin mirkanaa'iin dura qooda fudhattoota waliin waggaatti al-
tokko marii gaggeessuu.

Kana malees, qabinsa ragaa ammayyessuuf ‘Modern Data Base Managment


System’ diriirsuun oggeessoota Aanaalee, Godinalee, Bulchiinsa Magaalotaa fi
Sektaroota Naannoo irratti hojjetan 400f leenjii kennuu.

Gama biraatiin, ragaa fi infoormeshinii irratti hogganaa fi oggeessonni


Daareektooreetii Istaatistiksii Naannoo leenjii gabaabaa fi muxxannoo biyya alaa
irraa akka fudhatan taasiisuu.

12.6. Qorannoo Imaammataa fi Tarsiimoo Misoomaa


12.6.1. Qorannoo fi xiinxala Imaammataa fi tarsimoo misoomaa;

Imaammatawwanii fi tarsiimoowwan misoomaa akka biyyaa fi Naannootti bahanii


akkaataa barbaadameen hojiirra oolanii kaayyoolee isaanii galmaan gahaa

KIBO 2013-2022 68
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

jiraachuu fi dhiisuu isaanii qorachaa fi gamaaggamaa deemuun murteessaadha.


Haaluma kanaan, waggoottan kudhan dhufan/2013-2022/ keessatti
imaammatawwanii fi tarsiimoowwan misooma dameewwan diinagdee fi
hawaasummaa irratti humna keessaan, konsaltaantootaa fi qindoomina
Yunivarsitootaa fi dhaabiilee qoarnnoowwanKoomishiinii gidduutti taasifamuun
qorannoowwan 32 gaggeessuuf karoorfameera. Akkasums, qorannoowwan kun
rakkoolee hawaasaa furanii fi guddina misoomaa Naannichaa saffisiisan akka
ta’aniif mata dureewwan/ajandaawwan qorannoowwaniin addaan baasuuf
qaamoolee dhimmi ilaallatuu waliin marii gaggeessuu fi sakatta’iinsa fedhii waggaa
waggaan gaggeeffamuun kan addaan bahan ta’u.

Gama biraatiin, hojiiin qorannoowwanii fi xiinxala immaammataa fi tarsiimoo


misoomaa qooda fudhattoota hedduu kan qabuu fi deeggarsa teekiniikaa fi
faayinaansii qaamoolee adda addaa kan gaafatuu fi hojiin isaas ulfaataadha.
Haaluma kanaan, hojii qorannoowwanii fi xiinxala imaammataa gaggeeffaman
irratti Yunivarsiitiiwwanii fi dhaabbilee qorannoo kanaan dura waliin
hojjechatamaa ture lamaa fi Yunivarsiitwawanii fi dhaabbilee qorannoo Naannoo
keenyatti argaman 10 waliin hariiroo uumuun waliin hojjechuuf karoorfameera.
Akkasumas, hariiroo Yunivarsitootaa fi dhaabbilee qoranoo waliin uumamu
gamaaggamaa deemuun barbaachisaa waan ta’eef waggaatti al-tokko walatajii
uumuun gaggeessuuf karoorfameera. Kanaan walqabatee kaayyoo kana galmaan
gahuuf dhaabbilee waliin hojjetamuu fi dhimmoota irrattii waliin hojjetamuu qabu
addaan baasuu; waltajjii uumuudhaan bakka bu’oota dhaabbilee marii taasisuu fi
adeemsaa fi hojiilee waliin hojjechuuf waliigalame irratti waliigaltee walhubannoo
mallatteessuun (Memorundum of Understanding) hojiitti seenuu fi adeemsaa fi
hojiirra oolmaa waliigaltichaa yeroo yeroon gamaaggamaa kan deemamu ta’a.

Hojiilee qorannoo fi xiinxala imaammataa fi tarsiimoo misooma naannichaa lafa


qabsiisuuf sirnaa fi hojimaatn jiraachuu waan qabuuf waggoottan kudhan dhufan
kana keessatti hojiilee waggoottan darban keessa bibittinaa’anii Naannicha
keessatti hojjetamaa turan siran qabsiisuuf ittiinqajeelfamotaa fi maanuwwaliin
adda addaa kan qophaa’an ta’a. Haaluma kanaan, ittiin qajeelfama (Gudieline)

KIBO 2013-2022 69
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Qorannoo/Xiinxala imaammataa ittiin gaggeeffamu, maanuwwaalii gamaaggama


imaammataa ‘Policy Evaluation’ fi maanuwwaalii leenjii dhimma qorannoo/
xiinxala imaammataa qopheessuu fi fooyyeessuuf karoorfameera.

12.6.2. Dhimma Uummataa fi Misoomaa


i. Haala qabatamaa dhimma uummataa fi misoomaa Naannicha irratti
qorannoowwanii fi Xiinxala adda addaa gaggeessuu

Hojiin misoomaa Naannoo keenyaa keessatti raawwatamu gama kallattii ykn


alkallattiin dhimma uummataa waliin walitti hidhiinsa guddaa kan qabuu fi inni
tokko isa biraa irratti dhiibbaa qaba. Sababa kanaan, hariiroon dhimma
uummataa fi misoomaa giduu jiru yeroo yeroon madaalamaa fi qoartamaa deemuu
barbaada. Qorannoowwanii fi xiinxalawwan gaggeeffamaniin rakkinootaa fi
qaawwaalee addaan baasuu fi faala kaa’uuf gumaacha guddaa qaba. Kanaafuu,
qorannoon ykn xiinxallii dhimma uummataa fi misoomaa irratti gaggeeffamu
bal’inaa fi gad-fageenyaan dhimmoota gaggeeffamuu qaba. Haaluma kanaan,
waggoota kudhan dhufan/2013-2017/ keessa xiinxala/qorannoo haala
Dimoogiraafii fi Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa(Regional Population Situational
Analysis) waggaa shan shaniin kan gaggeeffamu yoo ta’u, dhiibbaa baay’inni
uummataa qabeenya uumamaa, hawaasumma fi diinagdee irratti qorannoowwan
13 gaggeessuuf karoorfameera. Qorannoowwanii fi xiinxalliwwan kunneen
qulqulinaan hojjetamuu waan qabaniif dhaabbilee qorannoowanii fi Yunivarsitoota
waliin hojjechuuf kan yaadamedha. Gama biiraatiin, yunivarsiitootaa Naannoo
keenyaan qorannoowwan dimoogiraafii Naannichaa irratti gaggeeffaman
sakatta’uun waggoota shan shaniin cuunfaa qorannoowwanii kanii qopheessuun
galtee hojii dhimma uummataa fi misooma Naanichaa taasisuuf karoorfameera.

ii. Hojiilee Dhimma Uummataa fi Misooma Naannichaa irratti sirnaan


hoogganuu

Hojiilee dhimma uummataa fi misoomaa Naannichaa sirnaan gaggeessuuf


hojimaatni diriiruu murteessaadha. Kanaan walqabatee, waggoottan kudhan
dhufan/2013-2022/ keessatti hojiilee waggoottan darban keessa bibittinaa’anii

KIBO 2013-2022 70
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

naannicha keessatti hojjetamaa turan bifa qindoomina qabuun hoogganuu fi


hojimaata akka qabaatan gochuuf ittiin qajeelfamoonnii fi maanuwwaliin adda
addaa jiraachuu qabu. Haaluma kanaan, hojiileen misoomaa sadarkaa sadarkaan
Naannicha keessatti hojjetaman keessatti dhimmi uummataa akka haammataman
gochuuf ittiin qajeelfamni /guideline/ ‘population variables integration into
development planning’ qopheessuu fi fooyyeessuuf karoorfameera.

Waa’ee dhimma uummata fi misoomaa irratti dhalootni haaraa jalaa dhufaa jiran
hubannoo gahaa akka qabaatan gochuuf barsiisuun barbaachisaadha.Kanaan
walqabatee ijoolleewwan manneen barnootaa keessa jiran, keessahuu ijoollee
Sadarkaa 2ffaa baratan dhimma uummataa fi misoomaa irratti hubannoo gahaa
akka qabaatan gochuuf gumii Manneen Barnootaa keessatti akka dhaabbatan
gochuun barbaachisaadha. Akkaataa gurmaahinsa fi hojimaata gumii manneen
barnootaa keessatti dhaabbataniif qaam dhimmi ilaalatu waliin ta’uun
ittiinqajeelfama (Guideline) qopheessuu fi fooyyeessuuf karoorfameera.

Akkasumas, qaamoolee dhimma uummataa irratti hojjetan gidduu hariiroo gaarii


uumuun leecalloo fi deeggarsa teekiniikaa akka jiraatuu fi ooggansa cimaa
uumuuf qaamooleen kun hojimaata cimaa ittiin hoogganaman qabaachuun isaanii
murteessaadha.Knaafuu, waggoottan kudhan dhufan /2013-2022/ kana keessatti
akkaataa qindoominni dhimma uummata fi misoomaa uummamu irratti
ittiinqajeelfamni /guideline/ tokko qopheessuu fi foyyeessaa deemuf
karoorfameera.

iii. Hojiirra oolmaa Imaammata Dhimma Ummataa irratti hubannoo


cimsuu
Hojiileen dhimma uummataa fi misoomaa Naannoo keenyatti hojjetman kallattii fi
al kallattiin imaammata dhimma ummataa biyyaalleessaa fi imaammattoota adda
addaa bahanii jiran galmaan gahuuf kan deeggaranidha. Keessaahuu Imaammata
dhimma ummataa biyyaalleessaa galmaan gahuuf hirmaannaan qooda fudhattoota
murteessaadha.Kanafuu, haala qabatama dhimma uummataa fi misoomaa
Naannichaa irratti ummannii fi qooda fudhattootni hubannoo gahaa akka

KIBO 2013-2022 71
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

qabaatanii fi deeggarsa akka godhan gochuuf hojiieen hubannoo uumuu cimsuun


barbaachsaadha. Haaluma kanaan, waggoottan kudhan dhufan keessa /2013-
2022/ mata dureewwan dhimmoota uummataa fi misoomaa adda addaa 20 irratti
barruulee fi barreeffammoota gaggabaaboo qopheessuun hawaasaa fi qooda
fudhattootaaf tamsaasuuf karoorfameera. Akkasumas, miidiyaalee elektoroniksii fi
barreeffamoota gaazeexaa irratti fayadamuun barumsu akka darbu ni taasifama.
Haaluma kanan, waggoottan kudhan dhufaniif Televizyinii fi Raadiyoo afaan
oromoon hojjetamanitti fayyadamuun barumsawwan walitti dhufeenya uummataa
fi misooma irratti xiyyeeffachuun saganataa barnootaa torbee torbeen akka darbu
ni taasifama.Mata dureewwan dhimma uummataa fi misoomaa adda irratti
barreeffamoota gaggabaaboo qopheessuun gaazeexoota afaan oromoon hojjetan
irratti torbee lama lamaan akka bahan gochuuf karoorfameera. Dabalataanis
guyyaa dhimma Uummataa Adunyaa sadarkaa Naannoo keenyaatti waggaa
waggaan dhaabbataan kanbajuun hubannoo uumuuf yaadameera.
iv. Hojiilee dhimma Uummata fi Misoomaa Naannoo Oromiyaa
Gaggeeffamu irrattii qindoominaa cimsuu

Hojiilee dhimma uummataa fi misoomaa qoodfudhattoota hedduu kan qabu,


deeggarsa teekiniikaa fi faayinaansii guddaa kan gaafatudha. Galmaan gahiinsa
kaayyoolee Imaammata dhimma uummata biyaaleesssa isaatiif qooda fudhannaan
qaamoolee addaa barbaachisaadha. Qaamoolee dhimma uummataa irratti
hojjetaman gidduu hariiroo gaarii uumuun leecalloo fi deeggarsa teekiniikaa akka
jiraatuu fi ooggansa cimaa uumuuf qaamooleen kun karoora qindoominaa
qabaachuun isaanii murteessaadha. Haaluma kanaan, waggoottan kudhan dhufan
/2013-2022/ kana keessatti qindoomina kana lafa qabsiisuuf dhimma ummataa fi
misoomaa irratti karoora qindoominaa waggaa shanii fi waggaa qophaa’u kan
deemamu ta’a.

Karoora KIBO waggoota kudhan dhufaniif keessatti raawwii hojiilee dhimma


ummataa fi misoomaa qindoomina seektaroota adda addaa waliin ta’uun qophaa’e
gamaaggamuu fi hanqinaalee jiran addaan baasuun sirreeffama taasisaa deemuun
barbaachisaadha. Haaluma kanaan, waggoottan kudhan itti-aanuuf (2013-2022)

KIBO 2013-2022 72
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

karoora Imala Badhaadhinaa dhima ummataa fi misoomaa Naannichaa qophaa’e


caasaalee mootummaa, dhaabbilee mit-mootummaa fi arjoomtooa hirmaachisuun
waggaa lamaa fi walakkaa (Mid-term Review) fi xumura waggoota shanii /final
evaluation/ irratti gaggeessuuf karoorfameera.

12.7. Dhimmoota Dinagdee Gooroo fi Akkaawuntii Dinagdee


12.7.1. Karoora Dhimmoota Dinagdee Gooroo
a) Maanuwaalii qophii karoora dinagdee gooroo naannichaa qopheessuu

Dinagdeen gooroo agarsiistota hedduu kan sadarkaa dinagdee biyya tokkoo irra
gahe ittiin safaramuu fi kallaattii misooma hawaas-dinagdee fuula duraa ta’uu
qabu agarsiisan of keessatti kan hammatedha. Hojiin dhimmoota dinagdee gooroo
kun harcaatii malee baraa baratti karoorfamuu fi raawwii bu’aan argamu
xiinxalamuu kan danda’u maanuwaalii hojiin kun ittiin gaggeeffamuu fi hojimaata
isaa maanuwaaliin agarsiisu yoo jiraatedha.

Bu’uura kana irraa ka’uun karoora waggoota kurnan itti aanan keessatti
maanuwaaliin hojimaata qophii karoora dhimmota dinagdee gooroo naannoo
keenyaa ittiin hoogganamu tokko qophaa’ee fi maxxanfamee hojii irra akka oolu ni
ta’a.

b) Moodela karooraa dhimmoota dinagdee gooroo nannichaa qopheessuu


(Macro Economic Planning Model)

Hojiiwwan misooma hawaas-dinagdee biyya tokkoo bu’aa eegamu argamsiisuu kan


danda’u ragaa wayitaawaa fi sirrii ta’e yoo jiraatee fi galteewwanii fi bu’aawwan
hojii irra oolan argamsiisan moodeelli karooraa walitti hidhaminsa isaanii
mirkaneessu bocamanii hojiirra yoo oolanidha. Akkuma beekamu akka biyyaattis
ta’e akka naannoo keenyaatti moodeelli saayinsaawaan karoorri dinagdee gooroo
ittiin hoogganamu waan hin jirreef karoora qophaa’u walitti hidhaminsa akka hin
qabaanne taasisee jira. Rakkoo kana furuuf waggoota kurnan dhufu keessatti

KIBO 2013-2022 73
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

moodeela walitti hidhaminsa galtee fi bu’aa karoora naannichaa bocamee akka


hojii irra oolu ni taasifama.

c) Qorannoo hammata dinagdee gooroo gaggeessuu

Qophii karoora gooree kan qophaa’u xiinxalaa fi kallattii dhimmootni dinagdee


gooroo agarsiisan bu’ureeffate ta’uun isaa beekamaadha. Kanaafuu, dinagdee
gooroo naannoo keenyaa eessa irra akka jiru beekuu fi karoorri gooree naannichaa
yeroo yeroon qophaa’u kallattii dhimmootni dinagdee gooroo agarsiisan bu’aa akka
godhatu taasisuuf xiinxala raawwii dhimmoota dinagdee gooroo waggaa waggaan
godhamuun alatti haala dinagdeen gooroo keenyaa irra jiru irratti yeroo lama
qorannoo gaggeessudhaan bu’aa argannoo qorannichaa galtee godhatee
mootummaan imaammata isaa akka ilaalu gochuuf karoorfameera.

d) Xiinxala hammata dinagdee gooroo gaggeessuu

Hojiin waggaa waggaan idileeffamee hojjetamu keessaa inni tokko sadarkaa


raawwii hammattoota dinagdee gooroo naannichaa xiinxaluudha. Kaayyoon isaas
sadarkaa raawwii karoora dhimmoota dinagdee gooroo beekuufidha. Haaluma
kanaan, waggoottan kurnan dhufanitti waggaa waggaan hojiin kun kan hojjetamu
ta'a.

e) Tilmaama galii fi baasii mootummaa naannichaa qopheessuu

Sadarkaa hojii irra oolmaa imaammattoota mootumaa kan ariifachiisuu fi akka


harkifatu kan taasisan keessaa inni tokko imaammata galii fi baasii(Fiscal Policy)
isaati. Kanaafuu, gama kanaan hojiin hojjetamu haalaa fi sadarkaa dandeettii
sassaabbii galii naannichaa fi maddoota biroo irraa argamanii fi baasii baajataa
imaammattoota mootummaan karaa galma geessisuu danda'uun madda isaaniin
adda baasuun tilmaamuudhaan mootummaaf dhiyeesuudha. Haaluma kanaan,
hojiin kun waggoottan kurnan kana keessa waggaa waggaan kan hojjetamu ta'a.

f) Karoora dhimmoota dinagdee gooroo waggaa waggaan qopheessuu

KIBO 2013-2022 74
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Karoorri misoomaa mootummaan naannichaa waggaa waggaan qophaa'u kallattii


tilmaama dhimmoota dinagdee gooroo irratti hundaa'uu qaba. Kanaaf jecha
waggoota kurnan dhufan keessaa karoorrii dinagde gooroo naannoo keenyaa
waggaa waggaan kan qophaa'u ta'a.

g) Dhimmoota dinagdee gooroo fi moodeela karooraa irratti dandeettii


ogeessota karooraa komishinii fi sektarootaa cimsuu

Moodeelli karoora dinagdee gooroo ittiin qophaa'u erga xumuramee booda


ogeessota karooraa sadarkaa adda addaa irra jiraniif moodeelicha irratti hubannoo
akka qabaatan ni taasifama.

h) Maanuwaalii qophii karoora dhimmoota dinagdee gooroo irratti ogeessota


karooraa komishinii fi sektarootaaf leenjii kennuu

Bara 2013 hojiiwwan itti xiyyeeffatamee hojjetamu keessaa inni tokko maanuwaalii
qophii karoora dhimmoota dinagdee gooroo sadarkaa hundatti hojii irra ooluu kan
danda'u ogeessotni karooraa naannichaa sadarkaa adda addaa irra jiran hundi
hubannoo wal fakkaataa ta'e yoo qabaatanidha. Kanaafuu, dokumantichi haaluma
xumurameen waggaa waggaan ogeessota karooraa sadarkaa adda addaaf leenjiin
kan irratti kennamu ta'a.

i) Muuxxannoo qophii karoora dinagdee gooroo irratti akka biyyaa fi


naannoleetti jiru ilaaluun dandeettii hojii ogeessota komishinichaa cimsuu

Dandeettii hojii dinagdee gooroo naannichaa cimsuuf kan karoorfame keessaa inni
tokko muuxxannoo gaarii iddoo biraa jiru sakkata'uun naannoo keenyatti hojii irra
oolchuu. Haaluma kanaan waggoottan kurnan dhufan keessatti yeroo lama
muuxannoo gama hojimaata dhimmoota dinagdee goorootiin naannoolee qabanii fi
akka biyyaatti jiru ilaaluun hojimaata dhimmota dinagdee gooroo naannoo
keenyaa fooyyeessu kan hojjetamu ta'a.

12.7.2. Akkaawuntii Dinagdee Naannoo (Regional Economic Account)

a) Maanuwaalii qophii Sirna Akkaawuntii Dinagdee Naannoo (System of

KIBO 2013-2022 75
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Regional Account) qopheessuu

Hojiin akkaawuntii dinagdee naannoo keenyatti erga eegalmee turee jira. Haata'u
malee, maanuwaaliin hojiin kun ittiin gaggeeffamu haaluma jijjiirama yeroo
yerootti ta'u haala of keessatti qabachuu danda'uun qophaa'uu fi fooyya'uu qaba.
Bu'uuruma kanaan, maanuwaalii hojiin kun ittiin gaggeeffamu qopheessuu fi
haala jiijjiiramu irratti hundaa'uun fooyyeessuuf karoorfamee jira.

b) Raawwii hundumtaa soona dinagdee naannichaa (RGDP) waggaa


waggaan qindeessuun qopheessuu

Hojiin qindeessuu fi qopheessuu hundumtaa soona dinagdee waggaa waggaan kan


gaggeeffamudha. Kaayyoon isaas guddina dinagdee waggaa waggaan irra gahame
beekuuf kan gargaarudha. Haaluma kanaan raawwii karoora misoomaa
naannichaa waggoottan kurnan dhufan keessatti gaggeeffamuun guddina
dinagdee hanga bara 2021tti gama damee qonnaa, industirii fi tajaajilaatiin
galmaa'e waggaa waggaan qindeessuu fi qopheessuun kan hojjetamu ta'a.

c) Hundumtaa soona dinagdee naannichaa (RGDP) waggaa waggaan


Tilmaamuu

Hojiin ijoon akkaawuntii dinagdee soona dinagdee tilmaamuun karoorri misoomaa


naannoo waggaa waggaan qophaa'uuf galtee akka ta'u gochuudha. Haaluma
kanaan, waggoottan kurnan dhufan waggaa waggaan tilmaamni hundumtaa soona
dinagdee naannichaa kan gaggeeffamu ta'a.

d) Qajeelfama qophii ‘GDP’ Naannichaa qopheessuu

Qajeelfama hojiiwwan soona dinagdee naannichaa ittiin hoogganamu akka


biyyaatti bahu waliin deemuu akka danda’u sadarkaa naannootti qajeelfamni
hojiin kun ittiin gaggeeffamu qophaa’ee hojii irra akka oolu gochuu ni hojjetama.

e) Maanuwaalii fi Sirna Akkaawuntii Dinagdee Naannoo (System of


Regional Account) irratti ogeessota karooraa Komishinichaa fi
sektarootaaf hubannoo kennuu

KIBO 2013-2022 76
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Hojiin gama akkaawuntii dinagdeetiin hojjetamu keessaa inni tokko sirni


akkaawuntii dinagdee naannichaa akka cimu gochuudha. Sirna kana cimsuuf
sirni hojichi ittiin akka hoganamu sadarkaa biyyaa fi naannootti bahu sadarkaa
hundatti hojii irra akka oolu gochuuf hubannoo qaamolee adda addaa yeroo
yeroon cimsuu fi haaromsuun dandeettii isaanii gabbisaa deemuun
barbaachisaadha. Haaluma kanaan, waggoottan kurnan dhufan keessaa hojiin
hubannoo kennuu itti fufiinsaan kan hojjetamu ta’a.

f) Haala sirni xiinxalaa fi tilmaama Akkaawuntii Dinagdee (Economic


Account) sadarkaa godinaa fi magaalaatti hojjetamuu danda’u irratti
qorannoo gaggeessuu hojiirra oolchuu

Hojiin akkaawuntii dinagdee qaama daangaa bulchiinsa mataa isaa qabu keessatti
hojjetamuu kan danda’udha. Kanaafuu, hojii kana yoo xiqqaate sadarkaa godinaa
fi maagaalota bulchiinsa sdarkaa godinaa qaban keessatti hojjetamu haala
hojjetamuu danda’u irratti qorannoo gaggeessuuf karoorfamera.

g) Haala qophii ‘GDP’ irratti muuxxannoo kan biyyaa fi naannolee waliin


wal jijjiiruu

Hojimaatni akkaawuntii dinagdee sirna akkawuntii dinagdee idil-addunyaa


hordofee kan gageefamudha. Haata’u malee, hojiin kun ragaa wayitaawaa fi sirrii
ta’e kan barbaaduu fi hirmaannaa qaamolee mootummaa fi miti-mootummaa adda
addaa kan qabudha. Kana irraa kan ka’e hojii walxaxaa fi iddoo barbaachisaa
ta’etti raagaalee fi haala ittiin hojjetamu irratti naannolee, sadarkaa biyyaa fi
biyyoota biroo irraa muuxannoo fudhachuun kan hojjetamudha. Waggoottan
kurnan dhufan keessatti hojii akkaawuntii dinagdee naannoo keenyaa
cimsuudhaaf muuxxannoon biyyaalessaa fi naannoleen qaban kan ilaalamu ta’a.

12.8. Gamaggama raawwii karoora misoomaa

KIBO 2013-2022 77
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Galma: Sirna hordoffii fi gamaaggamaa fooyyeessuu fi ammayyeessuu;


hordoffii fi gamaggama raawwii karoora tarsiimowaa fi pirojektoota
gurguddoo naannoo gaggeessuun bu’aa misoomaa mirkaneessuu

Galma taa’e kana haala bu’aa isaa safaruudhaaf dandeessisuutti kaayyolee


gurguddoo yeroo giddu galeessaa fi dheeraa ta’an bakka lamatti akka qoodamuu
ta’eera. Isaanis sirna hordoffii fi gamaggamaa ammayyaa’aa fi bu’aa irratti
xiyyeeffate diriirsuu fi raawwii karoora misoomaa naannichaa gaggeessuudhaan
galma misoomaa tumsuudha.
Kaayyoo 1: Sirna hordoffii fi gamaggamaa raawwii misooma naannoo
Oromiyaa milkaa’ina irratti bu’uureffate bocuu fi hojimaaticha
ammayyeessuun hojiirra oolmaa isaa mirkaneessuu
Sirni hordoffii fi gamaaggama karooraa ammayyummaa isaa eeggate (bu’aarratti
hundaa’e) hogganummaa KKMDOtiin manneen hojii mootummaa naannichaa
hunda keessatti diriirfamuu qaba. Sirni hordoffii fi gamaaggamaa amma hojiirra
jiru sirna beekamtii hin qabnee fi bu’aa caalaa carraaqqii ykn tattaaffii godhameef
gatii kenna. Kuni ammo harkifannaa hojiitiif fala kennuu waan hin dandeenyeef
hojiiwwan misoomaa madda itti-quufinsa hawaasaa ta’uun hafee madda komii
ummataa akka ta’an sababii ta’eera. Kana malees, dadhabina raawwii keessatti
mul’ateef qaamni ittigaafatamummaa fudhatu akka hinjiraanne daandii saaqee
jira. Kana waan ta’eef, haala kana jijjiiruudhaan carraaqqii godhamu bu’aa isaatiin
madaaluuf, akkasumas dadhabbiiwwan mul’atan abbaa itti gochuuf sirni hordoffii
fi gamaaggamaa yeroo faana deemu qaama sirna hooggansa misoomaa ta’ee
diriirfamuu qaba.
Sirna hordoffii fi gamaaggamaa naannoo keenyaa diriiru kun imaammata hordoffii
fi gamaggamaa raawwii misoomaa sektaraaleen naannoo keenyaa ittiin
hogganaman bocuu irraa eegalee hanga labsii, danbii fi qajeelfamoota adda addaa
kan of keessatti qabatee qooda fudhattoota waliin qophaa’ee hojiirra oolu ta’a.
Isaan kunis akka hojiilee gurguddootti yeroo ilaalama akkaataa armaan gadiitti
tarreefamaniiru.

KIBO 2013-2022 78
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

 Imaammata hordoffii fi gamaggamaa jalqabamee jiru xumuruu


 Qajeelfamafi hojimaata hordoffii fi gamaggamaa raawwii karoora misoomaa
manneen hojii MNO hundaa tajaajilu tokko bocuun hojiirra oolmaa isaa
mirkaneessuu
 Labsii bulchiinsaa fi hojiirra oolmaa pirojektoota Oromiyaa qopheessuun
hojiirra akka oolu taasisuu fi hojiitti hiikamuu isaa hordofuun
mirkaneessuu
 Sadarkaa hojimaatileen hordoffii fi gamaggamaa raawwii misoomaa
diriirfaman manneen hojii naannoo Oromiyaa irra jiru waggaa lama lamaan
xiinxala gaggeessuun qabatamaa jiru adda baasuu
 Maanuwaalii hordoffii fi gamaggama raawwiii misoomaa jiru fooyyessuun
qopheessuu
 Sirna karoora fi gabaasa hordoffii fi gamaggamaa ‘software’ tti jijiiruun
ammayyeessuu
 Caasaa fi dandeettii ogeessota hordoffii fi gamaggama raawwii misoomaa
sekterota naannichaa dhimmamtoota waliin ta’uun qorannoo irratti
hundaa’uun akka sirraa’u taasisuu

Galmaan gahinsa hojiilee gurguddoo armaan olitti tarreefaman kana galmaan


gahuuf hojii TOR qopheessuu irraa kaasee bakka buutota qooda fudhattootaa
/raawwattoota misoomaa fi fayyadamtoota misoomaaf/ hubannoo bal’inaan
kennuun waliin hojjechuu fi dokumentoota qophaa’an irrattis hojiirra oolmaa isaaf
leenjii gahaa ta’e kennuun murteessaadha. Kunis haaluma bara kana keessa
qorannoo gabaabaa dhimma raawwii sirna hordoffii fi gamaggmaa naannoon
keenya hordofaa jirtu irraatti taasifameen moodela imaammata hordiffi fi
gamaggamaa galma misooma naannoo keenyaa milkeessuuf tumsa taasisu
filachuun haammata bocuun leenjii hubannoo uumuu fi dokumentoota kanneen
akka labsii ykn qajeelfamaa, ykn qajeeltowwan hordoffii fi gamaggamaa irratti
sekteraalee naannoo irraa 750, KKMDO Godinaaleefi bul. Magaalotaa muummee
irraa 800, sekteroota godinaalee, fi sekteraalee 15 Aanaalee irraa 10,500 waliigala
14,420 dhimmamtoota sadarkaa sadarkaan jirani ni kennama.

KIBO 2013-2022 79
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

Akkasumas, sirna kana akka naanootti diriirsuun akka naanoo keenyaatti


initiative haaraa waan ta’eef muuxannoo sirna gamaggama misoomaa fi
pirojektootaa irraati biyya keessaa ogeessa afur(4) fi kan biyyoota alaa lama(2)
waggoota shanan keessatti akka argatan hojiin proposala barreessuufi iddoo
muuxannoon kun itti argamu barbaaduu ni hojjetama.

Kaayyoo 2: Hordoffii fi Gamaggama raawwii karoora tarsiimowaa fi


pirojektoota gurguddoo naannoo sirna diriireen gaggeessuu fi
mirkaneessuu

Hordoffii fi gamaggama gaggeessuu dura karoora hordoffii fi gamaggamaa


qopheessuun murteessaadha. Kanaafuu, karoorri hordoffii fi gamaaggamaa kun
yeroo sagantaaleen, pirojektonnii fi hojiileen idilee karoora irraa eegalee yaadaman
giddu galeessa godhatee karoorfamuu qaba. Faayidaalee karoorri hordoffii fi
gamaaggamaa qabu keessaa isaan gurguddoon: itti gaafatamummaa
mirkaneessuu, iftoomina uumuu, ga’ee hirmaatotaa adda baasuu fi hojii irra
oolmaa sirna hordoffii fi gamaaggamaa qajeelchuuf gargaara.
Qophii karoora hordoffii fi gamaaggamaa keessatti qooda fudhattoota gorsuu fi
hirmaachisuun murteessaa dha. Dhimmoonni irratti hirmaachifamanis adeemsa
rakkoo furuu, fedhii fi yaada fayyadamtootaa adda baasuu, hiika agarsiiftootaa fi
madda ragaa adda baasuu, hordoffii fi gamaaggamaaf mala ragaa fi odeeffannoon
itti sassaabamu uumuu, manii sirna gabaasaa murteessuu, itti fayyadama
gabaasaa fi haala argannoon itti ibsamuu fi haala sirreeffamni itti taasifamuu fi
kkf irratti hirmaachuudha.
Haaluma kanaa, qophii karooraa irraa kaasee hanga xumura karoorichaatti
akkaataa karoora waggaa shanii karoora naannoo irraa ba’uun dhimmamtonni
hundi keessatti akka hirmaataniif mariin adda addaa (workshop, desk review etc)
yoo xiqqaate waggaan ni gaggeeffama.
Haaluma kanaan hojiileen gurguddoo kayyoo kana milkeessuuf karoorfaman
tartiiba karoora hordoffii fi gamaggamaa qopheessuu, hordoffii karoora

KIBO 2013-2022 80
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

tarsiimowaa gaggeesuu, gamaggama pirojektootaa fi sagantaalee gaggeessuu


armaan gaditti tarreeffameera.
 Karoora hordoffii fi gamaggama raawwii karoora misoomaa[sagantaalee fi
pirojektootaa] kan waggaa shanii[5] dhimmamtoota waliin tahuun
qopheessuun raawwachuu;
 Hordoffii raawwii tarsiimoo waggaa shanii (2013-2017) fi waggaa kudhanii
(2013-2022) walsimsiisuu waggaa waggaan gaggeessuun barumsa irraa
argamee gabaasa qopheessuun murtoof dhiyeessuun galtee milkaa’ina
karoorichaa tumsuu;
 Raawwii karoora waggaa kudhanii walakkeessa isaa (Mid-term Review)
gaggeessuu fi dhimma uummataa fi misooma ilaalchisee hojiiwwan
gurguddoo hojjetaman madaaluu; gamaggama xumura raawwii tarsiimoo
waggaa kudhanii (2013-2022) gaggeessuu barumsa irraa argamee murtoof
dhiyeessuun galtee karoora itti aanuu ni taasifama. Wixinee gabaasa
gamaggama raawwii waggoottan itti aananii irratti marii Panaalii
hoggantoota sekteraalee naannoo, godinaalee fi fayyadamtoota waliin
gaggeessuun galteewwan akka sassaabamu nitaasifama.
 Gamaaggama raawwii sagantaalee misoomaa naannichaa keessaa
gamaggama raawwii KGT II bara 2012 gaggeeffamu keessatti gad-fageenyaan
madaalamuu akka rakkoo qaban adda bahan keessaa sadrkaa naannootti
kudhan(10) fi sadarkaa godinaalee fi bul. magaalotaatti tokkoon tokoon
isaanii waggaatti tokko(1) 41x1x10=410 waliigala 420 sekteraalee fi
dhmmamtoota waliin ta’uun gamaggama bu’a qabeessummaa gaggeessuun
yaada murtoo dhiyeessuu;
 Gamaggama Pirojektoota misoomaa tajaajila waggaa sadii ol kennaa jiran
keessaa hordoffiin hanqina qabachuun adda bahe sadarkaa naannootti
saddet (8), sadarkaa godinaa fi bulchiinsa magaalotaatti tokkoon tokkoon
isaanii waggaatti pirojektii tokko(1) gamaggamuun 41x10= 410 waliigala 418
akka gaggeeffamuu haala mijeessuuf raawwachuu;

KIBO 2013-2022 81
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

 Hordoffii raawwii pirojektoota gurguddoo misooma naanichaa waggaatti


yeroo lama(2) sadarkaa naannootti abbootii pirojektii waliin tahuun
gaggeessuun milkaa’ina isaanii mirkaneessuu

Kaayyoo lammaffaa raawwii bu’aa karoora misoomaa mirkaneessuu kana galmaan


gahuuf leenjii dandeettii ogummaa gamaggamaa raawwii karoora misoomaa
cimsuu irraatti ogeessota gamaggamaa sadarkaa naannoo 360, KKMDO godinaa fi
magaalotatiif 400, sekteraalee godinaa fi bulchiinsa magaalaa 2,400 waliigala
3,160 leenjii operational ta’e ni kennama. Akkasumas, hoggansaa fi ogeessa
gamaggamaa KKMDO sadii(3) muuxannoo gabaabaa biyya alaa fi biyya keessaa
afur(7) akka fudhatan gochuun qindaa’ee akka baballatu ni taasifama.

12.9. Karooraa Bittaa, Bulchiinsa Faayinaansii fi Qabeenyaa Komishinii


Karooraa, Hordoffii fi Gamaaggama

 Karoora waggaa, kan waggaa shanii fi kudhanii qopheessuu


 Raawwii Karoora Imala Badhaadhina Oromiyaa; waggaa, waggaa lamaa fi
walakkaa, waggaa shanii fi waggaa kudhanii gaggeessuu
 Baajata KKMDO fi WKMD godinaalee qooduu
 Hordoffii fi gamaggama raawwii hojii gaggeessuu
 Jijjirraa baajataa raawwachuu
 Pirojektii ijaarsa waajjiraalee godinaalee 5 gaggeessuu

Bulchiinsa Faaynaansii

 Hojiiwwan kaffaltii baajataa raawwachuu


 To'annoo fi bulchiinsa maallaqa gaggeessuu
 Baajata fandiiwwani bulchuu
 Maallaqa mindaa fi hojii adeemsiisaa BMWDO irraa fiduun bulchuu
 Herrega Komishinnichaa yeroo fi qulqulliinaan cufuu
 Iftoominaa fi gaafatamummaa faaynaansii babal’isuu
 Hojiira olmaa labsii fi qajeelfamoota kaffaltii mootummaa cimsuu
odiitii, faaynaansii fi qabeenyaa akka raawwatu haala mijeessuu

KIBO 2013-2022 82
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

 Hojiirraa oolmaa seeraa fi qajeelfamootaa Faayinaansii, bittaa hordofuu


 Kaffaltiwwan Imaana (galii funaaname, VAT fi WHT walitti qabamee fi
qusannoo hojjettootaa, kan WMO kkkf yeroon funaanuu fi kaffaluu
 Herregaawwan buusuu(kaffaltiiwwan dursaa fi liqiiwwan mindaa)
 Kaffaltiwwan leenjii adda addaa
 Adeemsaalee raawwii faayinaansii keenyaa odiitii alaa fi keessan
xiinxalchisuun qulqullina isaa mirkaneessaa deemuu
 Argannoowwan odiitiin argaman dafee gara kaazinaa mootummaatti akka
deebi’u gochuu
 Gabaasawwan faayinaansii kan idilee fi fandiiwwani gaggeessuu
 Araarsawwan herregootaa yeroo yeroon gochaa deemuu
Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa

 Sirna to`annoo fi hordoffii bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa cimsuu


 Qabeenyaalee faayidaan ala ta’an maqsuu
 Bittaa Komishinichaa gaggeessuu
 Hojiiwwan maxxansa adda addaa raawwachuu
 Odiitii faaynaansii fi qabeenyaa akka raawwatu haala mijeessuu
 Hojiirra oolmaa seeraa fi qajeelfamootaa faayinaansii bittaa hordofuu

12.10. Odiitii Keessaa


 Dhuma bara baajataatti cuufiinsa saanduqaa fi meeshalee dhumataa
gaggeessuu
 Odiitii kuupponii fi meeshalee dhumataa dhuma bara baajataan gaggessuu
 To'annoo saanduqaa fi baankii ji'an gaggessuu
 Baajata qodamee seera fayinaansii mootummaa eegee akka kaffalame ji'aan
hordofuu
 Herrega idilee fi fandiiwwan adda addaa adeemsa baasii inni keessa darbe
xiinxalu
 Xiinxala Qabeenya dhaabbii gaggessuu.
 Adeemsa itti fayyadama kuppoonii ji'a ji'aan xiinxaluu

KIBO 2013-2022 83
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

 Adeemsa Bulchiinsa MQ Namaa seeraa fi Qajelfama BPSO baase eegee


hojechuu isaa xinxaluu
 Bu'aalee odiitii dhiyaatee, tarkaanfiin kan irratti fudhatamee fi hin fudhatamin
addaan baasuun gabaasuu

12.11. Dhimmoota Idileessa Koorniyaa, Daa’immanii, Dargaggotaa fi


HIV/AIDS/
 Caasaa komishinii sadarkaan jiru keessatti karoorri misoomaa qophaa'u
hirmaannaa fi fayyadamummaa korniyaa mirkaanneessuu giddu galeessa
akka godhatu daarektooreetii komishinichaa waliin hojjechuu
 Hojii daa’imman harka qalleeyyii, saaxilamtootaa fi namoota ‘HIV/AIDS’ dhiiga
isaanii keessa jiruuf baajata %2 gulantaa baasii irratti akka qabamu hordofuu
 Hojii daa’imman harka qaleeyyii, saaxilamtootaa fi namoota ‘HIV/AIDS’ dhiiga
isaanii keessa jiruuf deeggersa gochuu
 Ragaa hojjettoota KKMDO sadarkaa godinaalee fi bulchiinsa magaalota
muummee keessa jiran gurmeessuu
 Bifa tola oltummaan waggaatti altokko daa’immaan harka qalleeyyii gargaaruu
 ‘Gender audit’/odiitii koorniyaa dhuma bara baajataa keessatti gaggeessuun
bu’aa qabeessuummaa dubartootaa mirkaneessuu ni gaggeeffama
 Hubannoo dhimmoota idileessa koorniyaa, daa'immanii, dargaggoo fi
‘HIV/AIDS’ irratti ogeessota sadarkaa sadarkaan jiru cimsuu
 Qajeelfamoota, seerota, paakeejii guddina dargaggootaa fi maanuwaalota
dhimmoota idileessa koorniyaa, daa'immanii, dargaggoo fi ‘HIV/AIDS’ irratti
leenjii ogeessota sadarkaa sadarkaan jiru cimsuu
 Manuuwalii hojii irra oolma dhimma deggersaa fi kunuunsa daa’immaanii fi
namoota vayiireesiin dhiiga keessa jiruu fi saaxilamoo ta'an irratti leenjii
kennuu.
 Ga'uumsaa fi dandeettii dubartoota caasaa komishinichaa fi godinaalee fi B/M
keessa jiran cimsuun gara gaggeessummaafi fi gara oggansaatti fiduuf leenjii
dandeettii raawwachiisummaa cimsuu kennuu

KIBO 2013-2022 84
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

 Hirmannaa fi fayyadamummaa dubartootaa gama siyaasaa, dinagdee fi


hawwasummaa cimsuu fi ‘Gender audit’ irratti kennuu
 Guyyaa ayyaana dubartootaa akka addunyaatti fi biyyatti (march, 8) waggaa
waggaadhaan hojjettoota Komishinii waliin ta’uun kabajuu.

12.12. Hooggansa Qabeenya Namaa fi Ijaarsa Dandeettii


 Ragaa humna namaa qulqullinaan qindeessanii qabuu fi ammayyeessuu,
 Gurmaa’insaa fi ramaddii hojii gaggeeffame irratti hordoffii taasisuu;
 Mindaa fi faayidaa hojjettootaa qorachuun raawwachuu
 Dandeettii raawwachiisummaa humna namaa guddisuuf carraa barnootaa,
leenjii fi workshoppii kennamu haala raawwii fi bu’aasaa hordofuu;
 Qaxarri, jijjiirraa, guddina fi ramaddiin hojjattootaa qajeelfama jiruun
raawwachuu,
 Madaallii hojii Komishinichaa sadarkaa naannoo, godinaalee fi bul. magaalotaa
qindaa’ee akka qabamu hordofuu,
 Naamusa hojjatootni hojii irratti qabani fi qajeelfama ittiin bulmaata
hojjattoota mootummaa hojii irra akka oluu taasisuu,
 Komiiwwan hojjattoota irraa dhiyaatan keessummeessuu fi deebii akka argatu
hordoffii gochuu,
 Mirga soorama hojjattootaa seera irratti hunda’ee akka kabajamu taasisuu
filakkofsa soorama hinqabaane akka argatan taasisuu,
 ‘Website’ Komishinii keenyaa irratti yeroo yeroodhaan odeeffannoo
barbachiisaa ta'ee gabbisuu, odeeffannoo jiru haromsuu fi foyyeessuu
 Web-site KKMDOtiin ragaa fi odeeffannoo wayitaawaa ta'e dabarsuu

12.13. Hojiilee Dagaagina Naamusaa


 Dagaagina naamusaa irratti hubannoo cimsuu
 Hojimaata badaa akka sirratu taasisuu
 Ilaalcha kiraa sassaabdummaa gara ilaalcha misoomawaatti jijjiruuf hojjechuu

KIBO 2013-2022 85
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

13. Karoora Humna Namaa KIBO bara 2013-2022


13.1. Karoora Humna Namaa Komishinii hanga Godinaatti Barbaadamu
Ka’umsa Manii

Mana Hojii 2012 2013 2014 2015 2016 2017 2018 2019 2020 2021 2022

KKMDO 107 30 35 37 41 46 38 42 46 60 66

Godinaalee 554 78 117 156 195 234 273 312 351 390 429

Ida’ama 661 108 152 193 236 280 268 354 397 450 495

13.2. Karoora Faayinaansii Komishinii hanga Godinaatti Barbaachisu


Gosa
Baajataa 2013 2014 2015 2016 2017 2018 2019 2020 2021 2022 Ida'ama

Miindaa
60000000 63000000 66150000 69475500 72930375 76576900 80405700 84426000 88647325 93080000 0

Hojii
Adeemsiftuu 30000000 31500000 33075000 34728750 36465000 38288250 40200700 42300000 44324000 46600000 377481700

9000000
Ida’ama 0 31500000 33075000 34728750 36465000 38288250 40200700 42300000 44324000 46600000 377481700

Kaappitaala 6000000 6000000 7500000 7500000 4000000 5000000 5000000 5000000 5000000 5000000 56000000

KIBO 2013-2022 86
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

KIBO 2013-2022 87
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

14. Sirna Hordoffii fi Gamaaggamaa


Kayyoolee hordoffii fi gamaaggamaa; hojiin karoorfame akkaataa karoorfameen
raawwatamuu fi akka karoorfametti kan hin raawwatamne yoo ta’e sababa isaa
addaan baasanii furmaata kennuudha. Kana malees; bu’aa fi jijjiirama inni
jireenya uummata irratti fidee itti fufiinsa akka qabaatu taasiisuu dha. Akkasumas
raawwiin karoora misoomaa galmaan gahuuf haalaa fi akkaataan karoorichi ittiin
hordoffamuu hammatamuu isaa, haala itti raawwatamuu fi eenyuun akka
raawwatamu yeroodhaan murtaa’ee ta’uu isaa dursanii dirirsuun barbaachisaa
dha. Haaluma kanaan Karoora waggaa kudhanii (2013-2022) kana galmaan
gahuuf waggaa waggaan karoora waggaa qopheessuun sirni ittiin hordofamu
diriiree jira.

14.1. Sirna Hordoffii


 Hordoffii fi deeggarsa gochuun hanqinoota mul’ataniif furmaata kennaa
deemuu,

 Sadarkaa Daarekteerotaatti daarekterootaan fi dursaan garee torban


torbanin karooraa fi raawwii irratti gamaagama ni adeemsisu.

 Sadarkaa Daarektarotaatti hojetootni torban lama lamaan karooraa fi


raawwii irratti gamaagama ni adeemsisu.

 Manajimentiin sadarkaa Komishiniitti ji’a ji’aanii fi akkaataa


barbaachisummaa isaatti karooraa fi raawwii ni gamaaggamuu

 Manajimentiin sadarkaa Komishinii, godinaalee fi magaalotaa kurmaana


kurmaanaan karooraa fi raawwii ni gamaaggamu

14.2. Sirna Gabaasaa


 Gabasaa raawwii hojii sadarkaa Godinaalee fi Bulchiinsa Magaalotaatti jiinii
seenee hanga guyyaa 10tti KKMDO qaqqabsiisuu

KIBO 2013-2022 88
Komishinii Karooraa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

 Sadarkaa Daarektatootaatti jiini seenee hanga guyyaa 5tti KKMDO


qaqqabsiisuu
 Sadarkaa KKMDO, WKMD godinaalee fi Bulchiinsa Magaalotaatti hojjetoota
waliin yoo xiqqaate waggaatti yeroo lama karooraa fi raawwii irratti mariin ni
gaggeeffama.
 Sadarkaa Komishiiniitti dhuma jiini kurmaanaa seenee hanga guyyaa 30 tti
qaama dhimmi ilaalu hundaaf gabaasa dhiyeessuu.

14.3. Duub-Deebii
 Qaamni sadarkaa sadarkaan jiru gabaasa hojii dhiyaatu irratti hanqinaa fi
cimina hojii keessatti argame addaan baasuun yeroo yeroon duub-deebii
kennuu.

KIBO 2013-2022 89

You might also like