You are on page 1of 2

Cheekiin Wal qabatee Murtiiwwan Dirqisiisoo Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Dhimmoota

Yakkaafi Hariiroo Muraasa Irratti Kenne


Desalegn B.
======//========//========//============//=========//========//========//==
Cheekiin gosa sanada maallaqaa daddarboo ta’ee maallaqa bakka bu’uun kan tajaajiludha. Seerri
daldalaa biyya keenyaa, kan bara 1952 bahes, maalummaa fi qabiyyeewwan cheekii kwt 827 jalatti
kan ibse yammuu ta’u, haala kanaan cheekii jechuun; sanada daldalaa maqaa qaama kaffaluu,
bakka itti kaffalamu, Iddoofi guyyaa itti cheekiin bahefi mallattoo nama baasee, baankiin (qaamni
kan biroon hojii akkanaa hojjetu) maallaqa hangi isaa murtaa’e garee 3ffaadhaaf ykn nama qabatee
jiruuf haalduree tokko malee akka kaffalamu ittiin ajajamudha. Cheekiin tokko ulaagaa seeraa
guuteera jedhamee kaffaltiin irratti raawwatamuuf ibsitoonni armaan olitti tarreeffaman hundi
sanadicha irratti argamuu qabu. Seerichi kwt 828 jalatti haala addaa tumee jira. Haalli addaa kunis
iddoon itti kaffalamu cheekii irratti ibsamuu dhabuun sanadichi akka cheekiitti akka hin ilaalamne
kan hin taasisnefi haala itti iddoon kaffaltii adda bahu seeraan kan tumame ta’uu kan ibsudha.
Cheekiin ulaagaa guutee qaama kaffaluuf dhiyaatee sababa malee kaffaluu kan dide yoo ta’e
sababa kaffaluu dhabuutiin miidhaa gahuuf itti gaafatamummaa fudhata. Qaamni cheekii kaffalu
yaada gaariidhaan, of eeggannoo barbaachisaa taasisuudhaan, hojmaata baratamaa hordofuudhaan
akkasumas osoo odeeffannoo faallaa ta’e hin dhaqqabiniin kaffaltii cheekii raawwatuun miidhaan
yoo dhaqqabe qaamni kun itti gaafatamummaa irraa bilisa ta’a. (SD kwt 861) Namni cheekii
baasuu danda’u nama baankii keessaa herrega socho’aa qabudha.
Cheekiin wal qabatee itti gaafatamummaan yakkaa dhufuu danda’u seera yakkaa jalatti
tumameera. Osoo maallaqa gahaa herrega keessaa hin qabaatin cheekii baasuun SY kwt 693 (1)
jalatti itti gaafatamummaa hordofsiisa. Qajeelfama Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa (Cheque
Account Operation Directives No.SBB/632016) baase keessattis (kwt 5) namoota cheekii gogaa
kennan irratti marsaa balleessaa isaaniitiin (marsaa 1ffaa-3ffaatti qoodamee) tarkaanfiin bulchiinsaa
isaan irratti kan fudhatamu (adabbii maallaqaafi herrega cheekii cufuu dabalatee) ta’uun
ibsameera.
Qabatamaatti dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtiiwwan adda addaa waan kenneef murtiiwwan
kana bifa armaan gadiitiin haa ilaallu.
1. Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 15/10/2003 ooleen
Lakk.Ga.67947 (Jildii 12ffaa) ta’e irratti kenneen:
“Gocha yakkaa SY kwt 693(1) jalatti ibsameen adabsiisuuf cheekichi kaffaltiidhaaf
baankiitti wayita dhiyaatutti namni cheekicha baase herrega isaa keessaa maallaqa
gahaa akka hin qabne mirkaneessuun qofti gahaadha. Yakka cheekii hundeessuuf
haaldureen kamiyyuu hin barbaachisu. Cheekii kanan kenne wabummaadhaaf
malee akka kaffalamuuf miti, maallaqa gahaa akka hin qabne nama kaffalamuuf
himeen jira falmiin jedhus fudhatama hin qabu” jedheera.
2. Haaluma wal fakkaatuun, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa
dhaddacha gaafa 24/01/2011 ooleen Lakk.Ga.152755 ta’e irratti kenneen:
“Wayita cheekiin bahutti ykn kaffaltiif dhiyaatutti namni cheekii baase lakkoofsa
herregaa isaa keessaa maallaqa gahaa kan hin qabne ta’uun hin haalamne.
Dhaddachi kun galmee lakk.67947 ta’e irratti dhimma yakkaa irratti ittisni cheekiin
wabummaaf kenname jedhu fudhatama hin qabu jedhee murtii dirqisiisaa kennuu
isaa yaadachiisee SY kwt 693(1) jalatti balleessaa taasisee murteesseera. Ragaan
abbaa alangaa wabummaadhaaf kennamuu mirkaneessullee gatii akka hin qabne
ibsee murteesseera”
3. Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 04/06/2000 ooleen
Lakk.Ga.24435 (Jildii 12ffaa) ta’e irratti kenneen:
“Walitti dhufeenyi dhuunfaa akka ittisaatti ka’uu akka danda’u seerri daldalaa kwt
717 jalatti tumeera. Walitti dhufeenyi dhuunfaa (Personal relation) seeraan
beekamtii argate kun walitti dhufeenya himatamaafi nama cheekicha dhiyeessee
qofadha. Walitti dhufeenya dhuunfaa jechuun walitti dhufeenya namoota lama
gidduutti bu’uura seeraa ykn waliigalteetiin uumamudha. Cheekinis yeroo baay’ee
kan kennamu dirqama waliigaltee ykn seera irraa madde raawwachiisuuf waan
ta’eef dhimmoonni dirqamichaaf sababa ta’an akka ittisaatti dhiyaachuu akka
danda’an seerichi hayyamuun sirriidha. Sababa itti cheekiin kennamuufis
gareewwaniin kan murtaa’udha malee seerichaan hin tarreeffamne. Seerichi
cheekiin akka dhiyaateen kaffalama jechuun isaa mormiin ykn ittisni sanadicha
irratti dhiyaachuu hin danda’u jechuu miti. Haala kanaan cheekiin wabummaadhaaf
kennamuu waan danda’uuf dhimmi wabummaa akka ittisaatti ka’uu danda’a
jechuun murtii dirqisiisaa kenneera.”
Akka biyya keenyaatti, ogeessonni, seera daldalaa kwt 855 caqasuun cheekii wabummaaf kennuun
ni danda’ama jedhanis jiru.
4. Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 24/11/1999 ooleen
Lakk.Ga.20232 (Jildii 7ffaa) ta’e irratti kenneen:
“Cheekiin sanadoota maallaqaa daddarboo keessaa isa tokkodha. Sanadoota kanaan
mirgaafi dirqamni gareewwanii ni uumama, ni mirkanaa’a. Namni cheekii baase
dirqama, namni akka kaffalamuuf ajajameef immoo mirga argata. Sanadoonni kun
amalaafi kaayyoo addaa haa qabaataniyyuu malee gareewwan wayita waliigalanitti
qajeeltoowwan bu’uuraa seera waliigalteetiin abboomamuu qabu. Haala kanaan,
hayyamnifi bilisummaa guutuun gareewwanii jiraachuu qaba. Gochi dirqisiisuufi
humnaan fayyadamuu jiraannaan waliigalticha ni diigsisa jechuun murtii dirqisiisaa
kenneera.”
Desalegn B.
Barreeffamni bal’aan boodarraan kan dhufu ta’a. Galatoomaa!!

You might also like