You are on page 1of 129

Tarsiimoo Diijitaalaa

Oromiyaa 2018

Digital

OROMIA 2025

Baafata
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

1. Seensa...............................................................................................................................................4

2. Mul’ataa fi Kaayyoo.....................................................................................................................10

3. Kaayyoolee Gurguddoo Tarsiimichaa....................................................................................10

4. Kallattiiwwan Oggansa Badhaadhinaa Oromiyaa adda bahan.....................................12

4.1. Kallattii Oggansa Diijitaalaa 1. Qonna irraa duudhaa maddisiisuu....................12

4.1.1. Haala Waytaawaa.........................................................................................................13

4.1.2. Haalota Idil_Addunyaa...............................................................................................18

4.1.3. Carraawwan Gaarii Milkaa’ina Galmeessisuu Ittiin Danda’amu..................21

4.1.4. Hunda Qabeessummaa Mirkaneessuu.................................................................28

4.2. Kallattii Oggansa 2. Manufaakchariingiitiin jijjiiramoota Idil-addunyaa


dhufuuf Hojmaata barbaachisan................................................................................................29

4.2.1. Haalota Wayitaawaa....................................................................................................30

4.2.2. Haalota Idil_Addunyaa...............................................................................................31

4.2.3. Carraawwan Gaarii Milkaa’ina Galmeessisuu Ittiin Danda’amu..................35

4.2.4. Hunda Qabeessummaa Mirkaneessuu.................................................................42

4.3. Kallattii Oggansa Oromiyaa Diijitaalaa.........................................................................44

3: Tajaajiloota Teekinoloojiin Odeeffannoo Dandeessisaa itti ta’e Ijaaruu.....................44

4.3.1. Haalota Ammee/wayitaawaa....................................................................................44

4.3.2. Haala Idil_Addunyaa...................................................................................................47

4.3.3. Carraawwan Gaarii Milkaa’ina Galmeessisuu Ittiin Danda’amu..................49

4.3.4. Hunda Qabeessummaa Mirkaneessuu.................................................................53

4.4. Kallattii Oggansa Diijitaalaa 4. Diijitaalaayizeeshinii Hojiirra Oolchuun


Turiizimii Guddisuu........................................................................................................................55

4.4.1. Haala Wayitaawaa/Ammee.......................................................................................56

4.4.2. Haalota Idil-Addunyaa................................................................................................60

4.4.3. Carraalee Gaarii fi Dhimmoota Oromiyaatti Milkaa’uu Danda’an................64

2
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

4.4.4. Hammattummaa Mirkaneessuu..............................................................................71

5. Gama Diijitaalaatiin Qophaa’ummaa fi Haala Wayitaawaa Oromiyaa........................73

5.1. Bu’uura Misoomaa..............................................................................................................73

5.1.1. Dandeettii Walqunnamtii (Connectivity)...............................................................73

5.1.2. Humna Eleektiriikaa...................................................................................................80

5.2. Siistama Dandeessisan.....................................................................................................80

5.2.1. Nageenyummaa Saayibarii........................................................................................80

5.2.2. waraqaa eenyummaa diijiitaalaa.............................................................................84

5.2.3. Kaffaltiiwwan diijitaalaa.............................................................................................89

5.3. Hariiroo diijitaalaa mootummaa, damee dhuunfaa fi lammiilee gidduu jiru....95

5.3.1. Bulchiinsa elektiroonikii /E-Governance/...........................................................95

5.3.2. Gabaa elektirooniksii /E-Commerce/................................................................100

5.4. Sirnakkoo (Ecosystem) diijitaalaa.................................................................................106

5.4.1. Faayinaansii................................................................................................................106

5.4.2. Namoota........................................................................................................................111

5.4.3. Imaammataa fi dambiiwwan..................................................................................120

6. Tiraanisformeeshinii diijitaalaa dhugomsuudhaaf Maaltu raawatamuu Qaba?....127

6.1. Pirojaktiwwan yeroo gabaabaa kessattii bu’ura Mijaawaa uuman...............................................129

6.1.1. Tarreffama piroojektiiwwan hojjetamani kan Yeroo gabaabaa fi dheeraa 130

3
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

1. Seensa
Halli misoomaa duraan barataman jijjiramaa kan jiran yoo ta’u ,
biyyoota dursanii of qopheessanii fi jijjiirama saffisaan simataniif garuu
daandiiwwan haaraan teekinoloojiidhaan deeggaramuu danda’an
banamaa jiru.

Jijjiiramni industirii afraffaan sirritti eegaleera. Jijjiiramni teekinoloojii


uumamaa jiru haala jireenyaa, qunnamtii, hojii, omishaa fi daldala
namootaa hundeerra kaasee jijjiiraa jiru. Haala darbeen sochoosaan
guddinaa industirii omishaa yoo ta’u, yeroo amma garuu awutoomeeshiniin
humna nama omishaa bakka bu’uun carraan kanaan dura industirii
omishaa kalaqaa fi bu’uura hojjiitiif guddina bal’aadhaafis itti fayyadaman
akka cufamu taasisaa jira.

Yaa ta’u malee seenaan imala awutomeeshinii fi teekinoloojii carraa hojii


dhabamsiisuu qofa irratti xiyyeeffate dogoggora. Kanaafuu moodeeliiwwan
haaraa filannoo banaa qaban xiinxaluun barbaachisaa dha.

Jijjiiramni industirii duraan ture sadarkaa jireenyaa fooyyessuun dura


hojjataa xiqqaa hin jedhamne hojii irraa buqqisuun isaa ni beekama.
Jijjiiramni yeroo ammaa jiru adeemsifamaa kan jiru mootummootiin yeroo
haaraa fi rakkisoo kana fakkaatan keessatti dinagdee isaanii utubuu fi
hoogganuudhaaf maal gochuu akka qaban hubannoo fooyya’aa qabaachaa
jiru.

Tiraanisfoormeeshiniin diijitaalaa imala dha


Imalli ce’umsa diijitaalaa kun mootummaa, dhaabbilee daldalaa fi hawaasa
gidduu walitti dhufeenya bifa anaaloogii qaamaan adeemsifamaa ture
keessaa bahuun qunnamtii fi wal-jijjiirraa odeeffannoo teekinoloojii
intarneetiidhaan gochuun saffisa, gatii xiqqaa fi nageenya amansiisaa

4
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

fayyadamuudhaan imala dinagdee diijitaalaa qindaa’aa fi hunda qabeessi


itti taasifamuu dha. Dinagdeen diijitaalaa kan agarsiisu qunnamtii cimdaa
fooyya’aa fi waltajjii diijitaalaa qunnamtii qaban fayyadamuudhaan sochii
dinagdee taasifamuu dha. Kunis kan argame qindoomina missoma
teekinoloojii lama walitti qindeessuudhaan yoo ta’u isaanis 1) Intarneetii fi
2) sirna koominikeeshinii intarneetiidhaan pirootokoolii fayyadaman-
kanneen akka cimdaa bilbila socho’aa, sirna kaffaltii elektiroonikii fi cimdaa
tajaajila mootummaatiif ooluu fi kanneen kana fakkaatanii dha. Adda
durummaadhaan dinagdee diijitaalaa akka dhugoomu kan taasise oomisha
haaraa fi fooyya’an, kalaqa tajaajilaa fi daldalaa haaraa fi fooyya’aa
uumamaniin yoo ta’u, kana raawwachuun kan danda’ames
teekinoloojiiwwan haaraa uumuudhaan ykn madaqsuudhaan, teekinoloojii
haaraa tajaajila haaraaf ykn teekinoloojii buleeyyii naannoo fi
fayyadamtoota haaraaf beeksisuudhaani.

Tiraanisfoormeeshiniin diijitaalaa sadrakaalee adda addaatiin ibsamuu ni


danda’a. Fakkii kanatti aanee jiru sadarkaalee adda addaa
tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa agarsiisa. Haa ta’u malee imala kana irraa
muuxannoo fudhachuudhaan daandii kanneen biroo anaaloogii irraa gara
diijitaalaatti ce’uudhaaf imalan kallattiidhaan waraabuu jechuu miti.
Mootummooleen saffisa jijjiiramaa ilaaluudhaan damee dhuunfaa fi
waldaalee siviilii waliin dhimmoota kanaa gadii irratti filannoowwan
barbaaduu qabu. 1) yoo danda’ame teekinoloojiiwwan yeroon isaanii irra
darbe gara booddeetti dhiisuudhaan gara teekinoloojii haaraatti ce’uu
(leapfrog), 2) teekinoloojiiwwan amma jiran osoo addaan hin kutin
maamilessuu /fooyyessuu fi 3) Hojiilee yeroo dheeraa yaada keessa
galchuu yeroo itti aanus faayidaa irra ooluu kan danda’an ijaaruu.
Kaartaa Imala tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa keessatti Sadarkaa
Biyyoonni Adda Addaa Irratti Argaman Agarsiisu

5
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Imala Tiraanisfoormeshinii
Dijitalawaa

Tajajilli hedduun Dinagdee


anaaloogii, mul’atni Dijitaalawa
dijitaalaa ifaa ta’ee
tajaajila waliin kan hin Sirna
Lammilee, Dinagdee dijitalawaa Guutuu
qindoofne dijitaalaa
mootummaa fi Bu’uraale dijitalawaa Lammileen dandetti
qindaa’e
murtaa’aa, agarsiistuu dijitalawaa guutuun
dhabbata daldalaa mul’achuu
dijitalummaa jalqabe mootumma fi dhaabbile
gidduu teekinoloojiin mul’achuu jalqabe
Anaalogiin daldalaa waliin bifa dijitalaan
hin fayyadamanfi
jira dijitaalli fayyadamu
qaamaan kan baayyachaa
taasifamuu deema
Tajaajila Dhaabileen daldalaa tajaajila
dijitalawaa kalaqa qabu fayyadamu
Dhaqabiinsa qindaa’aa fi haala
Dijitaalaa dandeessistu Hojii fi tajaajilli mootumma
gadaanaa hedduu kan qabu dijitalawaa ta’eera. Jalqabni
Dinagdee
tajaajilaa hedduun dijitalawaa
Anaaloogii
dha.

Kongoo Chaad Bangiladesh Ruwanda, Najeriya,Keeniyaa Hindii Chaayinaa Israa’el, K/Kooriya, Astoniyaa

Fakkii 1: Imala Tiraanisfoormeeshinii Diijitaalaa

Akka biyyaattis ta’e naannoo keenyaatti dameelee tokko tokkoon hojmaata


anaaloogii irra kan jirtu dha. Qaqqabummaan diijitaalaa gadi aanaa waan
ta’eef lammiileen carraa omishaa fi tajaajila mootummaa fi damee dhuunfaa
intarneetiidhaan argachuudhaaf qaban xiqqaa dha.

Boqonnaan Jalqabaa Diijitaalaayizeeshinii dhaabbilee mootummaa hedduun


damee ce’umsa diijitaalaa ta’uu isaa yaada keessa kan galchee fi fakkii isa
guddaa irratti kan fuuleffate osoo hin taane, adda durummaadhaan gochaalee
aanaaloogii jiran gara foormii diijitaalaatti jijjiiruu ykn teekinoloojii diijitaalaa
fayyadamuun mala hojmaataa irratti duudhaa dabaluu irratti kan xiyyeeffatee
dha. Addunyaa diijitaalaa keessatti waan hundumaa yeroo tokkon kallattii
si’aataa akka qabaatan gochuu, tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa sirnaan itti
yaadamanii qophaa’an fayyadamuudhaan tajaajila mootummaa si’aataa
kennuu, odeeffannoo irratti hundaa’uudhaan murtii kennuu irra jalaan
baballisuun fayyadamoo ta’uun ni danda’ama.

6
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Hojiilee Anaaloogii Gara Foormii Diijitaalaatti Jijjiiruun Qaama Imala


Diijitaalaayizeeshinii Ta’u Illeen Ce’umsi Dinagdee Akka Uumamuf Haala
Dandeessisaa fi Jijjiirama Yaada Bu’uuraa kan gaafatu dha. Kun tarii
dirqama jijjiirama meeshaalee diijitaalaa kan gaafatuu ta’uu dhiisuu mala.
Akka fakkenyaatti

 Sirna barnootaa bu’uura irraa mala barnootaa duguuganii sammutti


qabachuu irraa gara hordoffii addaan hin citne, kalaqaa fi deggarsa irratti
akka xiyyeeffatu gochuun wixineessuu,
 Sirna hordoffii damee oomisha ykn tajaajilaa tokko qofa irratti xiyyeefachuu
dhiisuun qajeeltoowwan naamusaa irratti bifa xiyyeeffatee fi karaa
bu’uuraan jijjiiruu ta’uu danda’a.

Tiraanisfoormeeshiniin diijitaalaa galma mul’ataa isa dhumaa yoo ta’u


keessoo isaatti gochaalee aanaaloogii gara foormii diijitaalaatti jijjiiruu
(Digitalization) fi teekinoloojii diijitaalaa fayyadamuudhaan mala
hojmaataa irratti duudhaa dabaluu (Digitalization) qaba.

Adeemsa hojii dijitalawaa qindessuun, naannoo Oromiyaa dijitaalofte


milkeessuu. Kana jechuun hojiilee hedduu tarreessuu, ammayyeessuu fi
bu’uraalee misoomaa fooyyessun hojiilee duraan abjotamee hin beekamane
raawwachuu danda’uu dha.

Adeemsa hojii irratti teekinoloojii fayyadamuun duudhaa dabaluu dha.


Fakkenyaaf waraqaa eeyyama konkolachisaa, inshuraansii fi galmee
konkolataa kkf poortaalii tokko irratti fayyadamuu

Tiraaniformeshinii Dijitalaa Hojii maanuwaalii jiijiiruu, galmee, odeeffannoo fi adeemsa hojii


gara unka dijitaalaatti jijjiruu: fakkenyaaf galmee odeeffannoo
konkolaataa faayilaa elektironikiitti garagalchuu kus daataa
Dijitaalaayizeshinii keessasti galchuun bakka adda addatii raga wayitawaa battalatti
Dijitaayizeshinii argachuu danda’uu ta’a

Fakkii 2: Hiikkaa Tiraanisfoormeeshinii Diijitaalaa, Dijitaayizeeshinii fi Diijitaalaayizeeshinii

7
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Ce’umsi kun dinagdee diijitaalaa dhugoomsuudhaaf mootummaan shoora


addaa akka taphatu kan gaafatuu dha. Shoorri kun gaheen mootummaan
raawwii irratti qabaatu xiqqaachaa, naannawaa mijataa uumuu irratti
xiyyeeffachaa adeemuudhaan kan ibsamuu dha. Kallattii shoora to’annoo
mootummaatiin kan argine “Oggansa hojii balaa” irraa gara “Dandeessistuu
misoomaatti” jijjiiruu gaafata. Agarsiiftuu jalqabbii ce’umsa kanaa kan tahan
damee teelekoomii fi faayinaansii gar-tokkeedhaan gara dhuunfaatti
naannessuudhaaf sochiilee eegalamanii dha. Haalli kun damee dhuunfaa fi
dhaabbilee miti mootummaa waliin walitti dhufeenyi abdii fi wal-amanuu
irratti hundaa’e akka jiraatu kan dirqamsiisuu dha.

Qophiin Tarsiimoo tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa bu’a qabeessa gochuuf


a dhimmoota isaan walqabatan gadi fageenyaan hubachuu gaafata.
Dinagdeen diijitaalaa oomishaa fi tajaajila diijitaalaa dhiyeessuu irra darbee
waan hedduu kan hammatee dha. Guddina dinagdee diijitaalaa fiduudhaaf
bu’uurri misoomaa, sirnoonni dandeessisoon, naannawaa to’annoo waliigalaa
fi kkf barbaachisoo dha. Dhimmoonni kunneen lammiileen, waldaalee fi
dhaabbileen daldalaa (kan mootummaa dabalatee) hirmaannaa si’aataa akka
taasisanii fi dinagdee diijitaalaatiif akka gumaachan isaan dandeessisa.
Wantoota xiinxalaaf gargaaran fayyadamuudhaan sirna walxaxaa kana
caalmaatti qoqqooduudhaan cimina hubachuu akkasumas dadhabbii ce’umsa
diijitaalaa gara booddeetti harkisan fi hanqinaalee adda baasuun ni
danda’ama. Walumaagalatti dhiibbaawwanii fi carraa gaarii jiru adda
baasuudhaaf caaseffama gaariidhaan dhiyaate fayyadamuudhaan duraa
duuba (isa kamtu yeroo gabaabaatti raawatamuu qaba, turuu kan danda’u
immoo isa kam), Ramaddii qabeenyaa (kaappitaala ol’aanaa kan barbaadu
piroojektii isa kam fi duudhaa kaappitaalaa xiqqeessuudhaaf maaltu
raawwatamuu qabaata) fi Bulchiinsa (Mana hojii tokkoon qofaan kan
raawwatamu fi kamtu tumsa qaamolee qooda fudhattootaa bal’aa gaafata) kan
jedhan ilaalchisee murtii odeeffannoo irratti hundaa’e kennuun ni danda’ama.
Tarsiimoon kun bu’uura misoomaa, sirna dandeessisaa, aplikeeshinii fi
8
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

dirree bal’aa (utubaaleen kan irra dhaabbatan) kan jedhaman kutaalee


hagguuggii dinagdee diijitaalaa afur kan qabuu dha.

Dabalataanis tarsiimichi dinagdee keessatti akkamiin fi eenyuun


teekinoloojiin diijitaalaa hojii irra akka oolan adda baasee jira. Kana
jechuun daandii badhaadhinaa diijitaalaan deeggarame isa kamtu naannoo
Oromiyaaf bu’aa guddaa qaba jechuun adda baasee kaa’ee jira.
Daandiiwwan afur biyyaaf akkasumas naannoodhaaf mijataa jedhamanii adda
baafaman carraa hojii uumuudhaaf, sharafa alaa guddisuuf fi badhaadhina
mirkaneessuudhaaf ni dandeessisu jedhamanii kan irratti amanamee dha.
Daandiiwwan kanneen adda baasuudhaaf tuulkiitii (toolkit) dinagdee
diijitaalaa koomishiniin dandii badhaadhinaa Mana Barnootaa Mootummaa
bilaavaatnik (Blavatnik School of Government) qopheesse faayidaa irra oolee
jira. Tuulkiitiin kun mootummaan carraa gaarii bu’aan teekinoloojii haaraa
fide adda baasuu fi hubachuun akka isa dandeessisu kan gargaaruu dha.
Kallattiiwwan Oggansa Badhaadhinaa Oromiyaa adda bahan
Kallattii Oggansaa 1: Qonna Irraa duudhaa/Bu’aa Maddisiisuu
Kallattii Oggansaa 2: Maanufaakchariingiitiin jijjiiramoota Idil-addunyaa
dhufuuf Hojmaata barbaachisan
Kallattii Oggansaa 3: Tajaajiloota Teekinoloojii Odeeffannoon Deeggaraman
Ijaaruu
Kallattii Oggansaa 4: Turiizimii Hojmaata Diijitaalaan Dorgomaa Taasisuu
Mootummaan Naannoo Oromiyaas Imaammata dagaagina kalaqaa fi guddinni
hunda hammatu akka uumamu gargaaruu baasuun akeektuwwan kallattii
armaan olitti ibsaman faayidaa irra akka oolu gochuu ni danda’a. Imaammatni
bahan kunis taatoonni dinagdee kalaqa keessa akka galan, dirree yaalii fi itti
baratamu uumuudhaan bu’a qabeessa kan ta’an adda baasuu fi yaadota
moo’ataa haaraa dhufan deeggaruu kan dandeessisan ta’u qabu. Tarsiimoon
diijitaalaa biyyoolessaa kan qophaa’e yeroo jalqabaatiif mootummaan damee
dhuunfaa fi waldaalee siviilii waliin mari’achuudhaan kan bocamee yoo ta’u

9
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

kan Mootummaa Naannoo Oromiyaa kun immoo akka naannichaaf ta’utti


maamilessun kan qophaa’e dha.

2. Mul’ataa fi Kaayyoo
Tarsiimoon tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa kun karoora waggaa kudhanii
akka Oromiyatti irra deebiin qindaa’an fi hanga 2025 mul’ata kaa’aman
kan haammatu yoo ta’u, Kaayyoon adda duree karoora misoomaa waggaa
kudhanii hawaasa hunda qabeessa, beekumsa irratti hundaa’ee fi badhaadhe
misoomsuudhaaf dandeessisuuf bu’uura kaa’uu dha. Qonna, industirii
omishaa, albuuda, TQO, industirii kalaqa ogummaa (creative industry) fi
turiizimii, carraa hojjii uumuu, teekinoloojii barachuu fi hubachuudhaan,
kalaqaa fi gama humna omishaa fi tajaajila Oromiyaan gahee gabaa alaatiif
dhiyeessuu keessaatti qabdu guddisuutiin shoora murteessaa akka taphatan
ni eegama.

Tarsiimoon kun qophaa’ummaan diijitaalaa Oromiyaa, dinagdeen diijitaalaa


dinagdee keessatti akkamitti babal’achuu akka danda’u, qonna, industirii
omishaa, turiizimii fi dameelee kanneen biroo deeggaruu akka danda’uu fi
akkaataa hojmaata mootummaa fooyyessuun itti danda’amu qabatee jira.

3. Kaayyoolee Gurguddoo Tarsiimichaa


Akka biyyaatti Mul’ataa fi Kaayyoo kaa’ame bira ga’uuf akka ariifachiisuuf
tolutti yaada dinagdee diijitaalaa hunda qabeessa ta’e dhiheessuudhaafi.
Kana jechuun tarsiimon kun ajandaa mootummaa haaromsa dinagdee
biyyoolessaa fi karoora biyyoolessaa waggaa kudhanii fi kan kana fakkaatan
waliin kan walsimee dha.
Ariifachiisummaa dhimmichaa irratti xiyyeeffannoon akka kennamuf
qaamolee qooda fudhattootaa murteessoo qindeessuudhaan, dhimmoota
bu’uuraa fi furtuu ta’an akkasumas carraa gaarii dijitaalli uumuu fi
Oromiyaa boruu bifa qabsiisan/tolchan fayyadamuu, Akka biyyaattis ta’e
naannoon Oromiyaa imala tiraanisfoormeeshinii diijitaalaattin jalqabbii irratti

10
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

kan argamtu dha. Kanaafuu taatota damichaa hunda gidduutti imalli


waldubbisuun addaan hin cinne fi si’ataa ta’e uumuun barbaachisaa dha.
Kallattii xiyyeeffannoo qabatamaa sakatta’uu fi qabaachuu akkasumas
bu’aa fi guddina guddaa carraqqiwwan fidan gurmeessuu fi cimsuu, hanga
har’aatti kaka’umsa mootummaatiin hojii uumuuf fi leeccalloo argamsiisuuf
sochiileen diijitaalaayizeeshiniin hedduun jiraatan illee muraasni isaanii kan
bittinnaa’anii fi kan qeenxee ta’uun isaanii faayidaan isaanii hanga eegame hin
taane. Kanaafuu faayidaa hojiwwan dijilaayizeshinii irraa argamu caalmaatti ol
kaasuudhaaf carraaqqiiwwan adda addaa waliitti fiduu fi qindeessuu
barbaachisa.
Tiraanisfoormeeshiniin diijitaalaa naannoo Oromiyaa amala isaatiin
adeemsa Idil_Addunyaa hordofuu qabaata.
Tarsiimoon tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa biyyattiiif maaliif akka barbaachisu
ifaan ka’aamee jira. Biyyattiiin kallattii imala ce’umsaa diijitaalaatiin eessatti
akka argamtu sirriitti erga qoratee booddee hanqinaalee bu’uuraa guutamuu
qaban, akkasumas gorsa carraalee gaarii adda bahanii hojiirra olchuuf baay’ee
murteessa dha.

Carraa hojii
uumame

Dinagdee Sharafa alaa


dijitalawaa argame
hirmaachisaa

Badhaadhina
hirmaachisaa

Fakkii 3: Kaayyolee Ijoo Tarsiimichaa

11
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

4. Kallattiiwwan Oggansa Badhaadhinaa Oromiyaa


adda bahan
4.1. Kallattii Oggansa Diijitaalaa 1. Qonna irraa
duudhaa maddisiisuu

Teekinoloojiiwwan diijitaalaa
guddina omishitummaa qonnaa
karaa adda addaatiin deeggaruuf
karaa bu’a qabeessa ta’een
tajaajila irra oolanii turan.
Teekinoloojiiwwan adda duree
keessaa tajaajila fooyya’iinsa
omisha qonnaatiif oolan (qaamaan
argamuu osoo hin gaafatin
tajaajila ekisteenshinii haala itti
fayyadama farra ilbiisotaa irratti
kennamu, midhaan dabareedhaan
facaasuu, raajii haala qilleensaa
naannoo tajaajilli itti kennamu
jiru), tajaajila odeeffannoo gabaa (fakkeenyaaf gabaa kamtu omisha isaanitiif gatii
guddaa akka kaffalu), tajaajila faayinaansii (fakkeenyaaf qonnaan bultootaaf tajaajila
liqii dhiyeessuu,) baroota dhufaniif qonna sirrii (Precision Agriculture), fi qonna olee
(Vertical Farming) kkf teeknika qonnaa ammayyaawaa omishitummaa damichaa
irratti dhiibbaa gaarii ol’aanaa akka taasisu ni eegama.

Teekinoloojii haaraa fi yeroo dhufuu duguuganii fayyadamuudhaan


damee qonnaa Oromiyaa ammayyeessuu, ajandaa riifoormii dinagdee
biyyaalessaa irratti dhimma xiyyeeffannoon irratti kannamee dha.
kallattiin kuni jalqaba damee qonnaa irraa sochiin teekinoloojii diijitaalaa maal
fayyadamaa akka jiru ni agarsiisa. Itti aansee teekinoloojiiwwan qonna irratti
guutuu addunyaatti dhiibbaa uuman ni addeessa. Dhuma irrattis hunda
qabeessummaa mirkaneessuun akkuma eegametti ta’ee tiraanisfoormeeshiniin
12
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

qonnaa dijitaala dandeessisaa itti ta’e gara biyyaatti fiduudhaaf carraalee gaarii
mootummaan irratti xiyyeeffachuu qabaatu ni tarreessa.

4.1.1. Haala Waytaawaa


Tarsiimoon Industiraalaayizeeshinii Qonnaan Durfamu Itiyoophiyaa
Keessatti bara 1990 A.L.A tti kan Eegalame yoo ta’u akka naannoo
keenyaattis bu’aalee gaarii argamsiisee jira. Keessumattuu naannoo keenya
keessatti adda durummaadhaan guddachuun oomishaalee qonnaa akka
qamadii fi boqqoolloo (buna, midhaan zayitaa fi xaafii) sadarkaa addunyaatti
guddina dinagdee saffisaa agarsiisaa jirti. Guddinni kun kan eegale bu’uura
gadi aanaa ta’e irraa waan ta’eef hammi oomisha giddu galeessaa akka
naannoo oromiyaatti naannoolee biroon wal bira qabnee yoo ilaallu fooyyee
ta’us, akka Itiyoophiyaatti Biyyoota Afrikaa sahaaraa gadi jiran waliin yommuu
ilaalamu ammas gadi aanaa dha. Guddinni yeroo dhiyoo damee tajaajilaatiin
argamee fi saffisni guddinaa (growth rate) damee industirii oomishaatiin
ilaalame qonna irraa fooyyee kan qabuu dha. Haa ta’uu malee ummanni
naannoo keenyaa baay’een baadiyyaa kan jiraatu waan ta’eef waggoottan
kurnan kanatti aananis qonni dinagdee biyyaa keessatti gahee murtessaa
qabatee itti fufa. Yeroo ammaa oomisha biyyaalessaa waliigalaa keessaa
dhibbeentaan 32.8, humni namaa damee kanaan bobba’e immoo kan
waliigalaa irraa dhibbeentaa 85 yoo ta’u galiin daldala alaas dhibbeentaa 90
kan haguugamu damee kanaan dha. Oomisha qonnaa waliigalaa biyyattiii
keessaa dhibbeentaan 95 Kan argamu qonnaan bultoota qabiyyee gadi aanaa
qaban irraati. Akka naannoo keenyaattis yoo ilaallu oomisha waliigalaa irraa
dhibbeentaan ______, humni nama _______ yoo ta’u galiin daldala alaas
Dhibbeentaa __________ kan ta’u qonna irraayi.
Bara 2000 eegalee hanga 2010 A.L.A tti jiraniin tajaajila Ekisteenshinii
Diijitaalaan deeggarame irraa eegalee qonnaan bultootaaf tajaajila odeeffannoo
gabaa (e.g Minten et al.20125) dabalatee tajaajilli Piroojektii diijitaalaa 8028

FH gorsi qonnaa gara Hotline, Helpdesk,Alert fi survey kennamaa jiru bu’aa


guddaa argamsiisaa jira.
13
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Tajaajila kanneen biroo oomishtummaa dabaluu danda’an teekinoloojiiwwan


odeeffannoo fi qunnamtii fayyadamuudhaan oromiyaatti hojii irra oolchuuf
yaalamee jira. Itiyoophiyaa keessatti hawaasni baadiyyaa barnoota bu’uuraa
argate giddu galeessa biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadi jiranii irraa gadi yommuu
ta’u haala walfakkaatuun qaqqabummaan Intarneetii dhibbeentaa 4 kan hin
caalleedha.

Ejansii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa:-Dhaabbanni kun tarsiimoo


qonna jiddu galeessa (federaalaa) fi tarsiimoo qonna naannoo waliin
walsimuudhaan galii fi oomishitummaa qonnaan bultootaa guddisuudhaan
dandeettii raawwachiisummaa hordofuudhaaf dandeessisu uumuudhaan,
mootummaa, damee dhuunfaa fi qaamolee deeggartootaa gidduutti waltajjii
marii mijeessuun shoora murteessaa taphateera.
Akka naannoo oromiyaatti rakkoowwan fi hudhaawwan qonnaa kan ta’an
addaa baasee gorsa laachuu, gorsi kenname hojirraa akka oolu gochuu ,walitti
dhufeenya qonnaan bultootaa fi dhaabbilee qonnaarratti hojjetanii walitti fiduu
fi hojiilee tokko tokkoof fala kaa’uuf kaayyoo isaa adda baasee akka
piroojektiitti kan hojjetuudha.
Ejansii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itoophiyaa/Oromiyaa, deeggartoota
isaa waliin keessumattuu ministeera qonnaa, Biiroo Qonnaa fi qabeenya
uumamaa, waliin ta’uudhaan hojii irra oolmaa teekinoloojiiwwan qonnaa
kanaa gaditti tarreeffamaniif bu’uura cimaa kaa’ee jira.

Sirna Odeeffannoo Biyyoo Oromiyaa damee (EthioSIS): Piroojektii:


Kaayyoon piroojektii kanaa qabeenya biyyoo lafa Oromiyaa hunda kaartaa
diijitaalaa qopheessuudhaan sanduuqa odeeffannoo biyyoo naannoo keenyaa
keessatti kuusuu fi akkuma barbaachisummaa isaatti haala itti fayyadama
xaa’oo irrattis ta’ee hanqinaalee biyyoo yaaluu waliin walqabatee murtiilee
taasifamaniif galtee kan ta’u qabiyyee akkamii akka qabu odeeffannoo
qabatamaa amala biyyoo qabate mootummaa fi qonnaan bultoota sadarkaa
gadiitiif dhiyeessuu dha.

14
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Kaartaa Bishaan Lafa Keessaa Gadi Fageenya Hin Qabne:-kaartaa lafa


naannoo oromiyaatiif qopheessuudhaan fi sanduuqa odeeffannoo keessatti
kuusuudhaan, hirkattummaa roobaa jalaa bahuudhaan misooma jal’isii
babal’isuudhaaf odeeffannoowwan dandeessisan dhiyeessuu irratti kan
fuuleffatee dha. Piroojaktiin kun Godinaalee oromiyaa 14 keessatti kan
argamu yoo ta’u aanaalee 154 keessatti bishaan lafa keessa gadi fageenyee hin
qabne qopheessuu irratti argama. Piroojektii kanneen kilaasteraan yemmuu
ilaallu:-

 Caancoo mahal meedaa hanga Gudarii-salaalee


 Arsii lixaa, Baalee fi Jiddu gala Oromiyaa
 Teeppii hanga Gibee
 Fincaa’aa hanga Gibee fa’a ta’an
Walumaa galatti lafa Hektaara 442,000 kan haguuguu fi Qonnaan Bulaa
miiliyoona 1.5 ta’u irraa fayyadama jedhamee kan karoorfameedha.

Sirna Odeeffannoo Gabaa Ejansii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa


Oromiyaa:- mi’a daldalaa (Shaqaxoota) qonnaa ilaalchisee midhaan adda
addaatiif odeeffannoo sassaabuudhaan, gurmeessuu fi xiinxaluudhaan
odeeffannoo murteedhaaf gargaaru qonnaan bultootaa fi qaamolee qooda
fudhattoota guutuu biyyattiiitti jiraniif raabsuuf teekinoloojii diijitaalaa
dirqama kan barbaachisuu dha.

Sagantaa kilaastara gabaa qonnaa (Agricultural Commercialization


Clusters)

Yeroo dhiyoo hojii irra oole bitattoonni oomisha (shaqaxa) qonnaa adda ta’e
tokko qonnaan bultoota naannoo tokkotti walitti dhiyeenya qaban ykn iddoo
tokkotti argaman irraa jimlaadhaan bitachuu akka danda’an waltajjii kan
uumee dha. Sirni odeeffannoo kun akka Oromiyaatti iddoowwan gabaa 64
irratti kan hojjatuu fi gosa midhaanii 5 irratti maamiltootaaf oolmaa gabaa
guyyaa guyyaa odeeffannoo dabarsuu irratti argama. Dabalataan iddoowwan

15
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

gabaa 60 irratti odeeffannoo guyyaa guyyaa maamiltootaaf dabarsuuf,


babal’isuuf karoorfatee hojjataa jira.

Sagantaan kilaastara gabaa qonnaa oomishaa fi oomishtummaa dabaluudhaaf


hojiilee qonna gosa midhaanii faayidaa guddaa qaban dursa laatamuuf adda
baasuun, aanalee oomishaaleen kun irratti oomishaman adda baasee aanaalee
kanniin walitti qindessuun bu’aa gabaa dabalataaf waliin akka hojjetan
taasisa. Haaluma kanaan Oromiyaa keessatti Aanaalee 125 irratti kan hojjatu
ta’ee baay’inni kilaasterichaa akka naannoo oromiyaatti jiru 62,584 fi
Qonnaan Bultootni 977,845 kilaastera kanaan hammataman yoo ta’u lafti
bal’inni isaa heektara 924,699 kilaastera kanaan uwwifamee jira.

Sarara bilbilaa qonnaan bultootaa 8028 fi 6077.

Piroojektii Adda Duree Ejansii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa.


Sararri bilbilaa kaffaltii irraa bilisaa kun barreeffamaan (short message
service (SMS), Weebmeelii, Elektiroonik meelii fi sagaleedhaan (interactive
voice service (IVS)) keessumattuu odeeffannoowwan muuxannoo qonnaa gosa
midhaanii 5 filatamoo waliin walqabatan qonnaan bultootaaf kan dhiyeessuu
dha. Hanga har’aatti sarara kanaan bilbiltoonni miiliyoona 15,148788 kan
galmaa’an yoo ta’u hubachiisnii fi ergaawwan miiliyoona 2.6 ol tamsa’aniiru.
Yeroo ammaa hunda qabeessummaa mirkaneessuu waliin walqabatee
odeeffannoo beeyladootaa, haala qilleensaa, tajaajila faayinaansii baadiyyaa fi
odeeffannoo galteewwan qonnaa ilaallatan dhiyeessuuf hojiin tajaajilicha
guddisuu hojjataa jira.

Akka naannoo Oromiyaatti Sarara bilbilaa 8028 irraa qonnaan bultootaa


Miliyoona 17,748,788 ta’an fayadamanii jiruu.

Tajaajila Faayinaansii Baadiyyaa Ejansii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa


Oromiyaa:-sagantaa gurgurtaa sirna kuuppoonii (IVS, e-Voucher) galtee qonnaa
sagantaan kun kan eegalame qonnaan bultoonni muraasni galtee qonnaa akka
xaa’oo, sanyii filatamaa fi liqii faayinaansii meeshaalee oomishaa humna
qusatan argachuuf rakkoolee qaban ilaaluudhaan.
16
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Yeroo amma Sagantaa gurgurtaa sirna kuuppoonii (IVS, e-Voucher) galtee


qonnaa akka Oromiyaatti Godinaalee 19 keessatti Gandoonni 5240,
Waldaaleen Hojii gamtaa Qusannoo fi Liqii 1169, fi Waldaalee Hojii
Gamtaa Qonna Maraa Bu’uuraa 3480 sirna tajaajila sagalee ( Interctive
Voice Service /IVS) keessatti haammatamanii jiruu yoo ta’u kanaan
walqabatee Carraan Hojii Dargaggoota 6,206 uumamee jira. Akkasumas
sagantaa gurgurtaa sirna kuuppoonii (E-voucher) tiin Godinaaleen 3
(Shawaa Bahaa, Arsii fi Godina Addaa Naannawa Finfinnee) fi Aaanaalee 10
keessatti gurgurtaan galteewwan qonnaa karaa sirna gurgurtaa callaa
guddistuu elektroonawaa (E-Voucher) Qonnaan Bultoota 200,000 oliif ittiin
raabsamee Jira.

Dhaabbilee maayikiroo faayinaansii naannichaa (microfinance institutions


(MFIs)) ykn waldaalee hojii gamtaa liqii fi qusannoo (Rural Saving and Credit

Cooperatives (RuSACCos) fi Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo fi


Liqii baadiyyaa naannawaa fayyadamuudhaan qonnaan bulaan liqii argachuu
qabaatu kan adda baafamu yoo ta’u maallaqni ykn nagaheen liqii isaaf
kennamee waldaa hojii gamtaa dhiyeessaa irraa galteewwan akka argatu ni
taasifama. Sagantaa kana irraa kan ka’e qonnaan bultoonni sababa gatiitiin
galteewwan qonnaa fayyadamuudhaaf fedhii dhabanii kan turan amma garuu
akka hir’atu waan ta’eef qonnaan bulaan fayyadamaa ta’ee jira. kanaan qofa
osoo hin daangeffamin teekinoloojiiwwan fooyya’an (bilbila ammayyaawaa fi
NFC tag) yaaluuf kaka’umsa akka qabaatan taasifamaa jira.

Haaluma kanaan yeroo ammaa Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo


fi Liqii 22 keessatti Waldaaleen hojii Gamtaa sirna ‘Management Information
System’ akka Fayyadaman ta’ee Jira. Akkasumas, Waldaalee Hojii Gamtaa 6
keessatti sirni tajaajila walitti hidhamiinsaa (Centeralization of Services)
cimdaa dijitaalawaa (digital network) hojjechuuf qophiin xumuramee jira.

Haa ta’uu malee kaka’umsi kun rakkoo dandeettii wal qunnamtii


(connectivity), haguuggiin seeraa dandeessisan jiraachuu dhabuu,
17
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

deeggarsi faayinaansii gahaa ta’uu dhabuu, hanqina humna namaa


leenji’ee fi dhiibbaawwan kana fakkaatan irraa kan ka’e gufatee jira.
Qo’annoo taasifameen sochii dinagdee ijoo diijitaalaa kanneen ta’an qaamolee
afran waliin walitti hidhatan (bu’uuraalee misoomaa, haalota dandeessisoo,
applikeeshinoota fi dirree ykn naannoo mijataa- dinagdee diijitaalaa cimaa
uumuudha).

Rakkooleen qabiyyee afran gubbaatti eeramanii hundinuu baay’ee


murteessoodha. Garuu, marii taasifameen qooda fudhattoonni keessumattuu
haalota dandeessisoo (daataa banaa itti fayyadamuun danda’amuu fi
pilaatfoormii gidduu haala waldubbisuu jiru) fi dirree (argannoo faayinaansii,
humna namaa, imaammataa fi dambiiwwan) waliin walqabatee baay’ee
daangessaa akka jalaa ta’an teessisaniiru. Afrikaa keessatti guddinnii fi
fooyya’iinsi kan mul’ate ta’u illeen dhiibbaalee kanaa olitti ibsaman irraa kan
ka’e oromiyaa ammas gama lakkoofsa dhaabbilee jalqabdootaa teekinoloojii
bu’uureffatanii fi deeggarsa faayinaansii argachuu waliin walqabatee Biyyoota
biroo irraa baay’ee duubatti haftee akka argamtu hubachuun ni danda’ama.

4.1.2. Haalota Idil_Addunyaa


Teekinoloojiiwwan yeroo dhufuu hedduun sochii qonna addunyaa yeroo itti
aanuuf humna guddaa akka ta’an ni amanama, teekinoloojiiwwan tokko
tokko biyyoota guddachaa jiran keessatti dabalatee omishitummaa qonnaa
dabaluu irratti argamu.

Intarneetii meeshaalee (Internet of things/IOT)

Qonna Keessatti, teekinoloojiin kun damee qonnaatiin oomisha to’achuudhaaf,


dursanii raajuudhaaf, dhibeen midhaanii yoo mudatan iddoo adda
baasuudhaaf, haala qilleensaa ilaalchisee hubannoo fooyya’aa uumuudhaaf,
xaa’oo haala gaariidhaan fayyadamuudhaaf, fi iddoo qonnaa akeekuudhaaf ni
fayyada. Hojiileen kunneen kan irratti raawwatamu meeshaalee kuusaa fi
galmee odeeffannoo iddoo argamsaa fi akeektuu (sensors) biyyoo, beeylada,
haala qilleensaa, kuusaalee, iddoowwan kenna tajaajilaa itti galmeessan
18
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

fayyadamuudhaan. Faayidaan akeektuu kanniinis hamma roobaa fi hamma


ho’aa lafaa fi qilleensa qofa safaruuf hin oolu, garuu hamma ho’a beeyladaa,
jiidhiinsa biyyoo, hamma nyaataa fi asiidii ykn beezii bishaan keessatti argamu
fi dhiibbaa qilleensa naannoo sanaa safaruudhaan naannolee rakkoo qabanii fi
kuusaa keessatti jiidhina oomisha balleessuu danda’u jiraachuu isaa akeekuu
ni danda’u.
Biyyoota guddatanitti bu’aaleen ogummaa teekinoloojii jabanni irra gahe
kunnin qonnaan bultoota biratti warshaa keessatti faayidaa irra oolaa jiru.
Inarneetiin meeshaalee (internet of things) hojiilee faayida qabeessa lama
qaba isaanis:
Meeshaaleen hamma isaanitiin xiqqaachaa fi biyyoota guddachuu irratti
argamaniif gatiidhaan madaalawaa ta’aa dhufuu isaanii akkasumas.
Amalli wayitaawaa isaanii immoo intarneetii waliin qunnamuu danda’uu
isaaniti. Kunis odeeffannoowwan akeektuu haala qilleensaa dandamachuu
danda’an gatiidhaanis gadi aanaa ta’an kan safaruu fi kanneen akka kilaawud,
bilbila mobaayilaa, idilee ykn wantoota gurguddoo samii keessa balali’an
kanneen akka fiinyaa, saatalaayitii ykn xiyyaara xixiqqaa nama hin qabne
(diroonii) saanduqa ergu fayyadamuudhaan yoo ta’u (xiyyaarri nama hin qabne
naannoo bal’aa akka haguugu taasisuun kan danda’amu yoo ta’u tajaajilicha
ilaalchisee tajaajila gatii madaalawaadhaan kennaman adda baasuu ykn
dhaabbilee deeggartootaa waliin walta’iinsa sirnaan fi tajaajila dabalataa
deeggarsa faayinaansii adda baasuu fi hojjii irra oolchuun ni danda’ama).

Kun hunduu kan ibsu Intarneetiin meeshaalee (IOT) qonna afrikaa


keessatti waggaan tilmaamaan hanga dhibbeentaa 30tti saffisaan
guddachaa jira. Guddina teekinoloojii irratti Gatiin har’as qaalii ta’ulleen
akeektuuwwan milkaa’inaa hedduu Afrikaa irraa dhiyeessuun ni danda’ama.
Gama kanaan Afrikaa keessaa dursituu kan taate keeniyaan iddoo duraa
yommuu qabattu Naayijeeriyaa fi Ruwaandaan walitti aananii itti fufu.Tajaajilli
dhiyeessii agarsiistuu qonnaa fi odeeffannoo battalaa qonnaan bultootaaf

19
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

waa’ee haala qonna isaanii ilaalchisee dhiyaataa jiru milkaa’ina guddaa


argamsiisaa jira fakkaata.

Teekinoloojii walitti hidhataa ykn Bilook-cheenii (blockchain Tecknology)

kalaqni kan biroo teknoolojii qonnaaf oolu Bilook-cheenii (blockchain


Tecknology). Kun fayyadamtoonni fiixee kamittuu argaman yeroo tokkoon
odeeffannoo tiraanzaakshinii walfakkaataadhaan iddoo jiran taa’anii akka
argatan kan dandeessisu kanneen biroo waliin walbira qabamee wayita
ilaalame teekinoloojii miidhaa saayibariitiif hin mijannee dha. Teekinoloojiin
tiraanzaakshinii giddu galeessa hin taane kun hojmaata kiriiptookaransii
(intarneetiidhaan wal jijjiirraa faayinaansii taasisuuf kan tajaajilu Dijitaal
karansii- yeroo baay’ee BitCoin) kan fakkaatan daandii qunnamtii birootiin
kan hojjatuu dha. Caasaa duudhaa qonnaa keessatti qonnaan bultoonni
faayidaa gadi aanaa dadhabbii isaanii hin madaalle argatu. Gulantaa (Label)
hojmaata daldalaa qonnaatti fayyadamuudhaaf dhaabbileen sadarkaa
hojmaata daldalaa haqa qabeessaa qonnaan bultootaaf eeguu isaanii
mirkaneessu qabaatuu qabu. Caasaa duudhaa bilookcheeyin keessa kan jiru
wal jijjiirraa hunda hordofuudhaaf waan dandeessisaniif sadarkaaleen
kabajamuu isaanii salphaati mirkaneesuuf nama dandeessisa.

Akkuma Intarneetii Meeshaalee(IoT) teekinoloojiin bilookcheeyin balaan


guddachaa adeemu isaan mudachaa jira. Kiriiptookaransiin adeemsa idilee
kan hin hordofne ta’uu isaatiin gulantaa haalaa (Platform) miidhaa
saayibriitiif saaxilamummaa ni uuma. Teekinoloojiiwwan modeeliin Etherium
ittiin caaseffame baay’ee duubatti harkifataa fi saffisa kan hin qabne waan
ta’aniif akkasumas aplikeeshiniiwwan baay’een qabiyyee (Ledger) giddu
galeessa hin taane waan hin barbaanneef saaxilamummaa miidhaa
saayibariitiif qabaatu ni hir’isa.

Teekinoloojiin bilookcheeyin ammayyaa’aa kan jiran ta’us ammas caasaa


duudhaa keessatti oomishaalee hordofuuf oolu. Haala ajaa’ibsiisaan
dhaabbanni biyya Neezarlaandi (Dutch) Tip2farmer7 Kan jedhame tokko
20
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

maamiloonni ykn fayyadamtoonni mana bunaa afaan kaa’aa (Tips) kan


kennan irraa keessummeessitoota qofaaf osoo hin taane qonnaan bultoonni
buna kana irratti qooda qabanis hojmaata itti fayyadaman beeksisaniiru.
Kaka’umsi caasaa duudhaa walfakkaataa hordofuu biyya keenya keessattis
jalqabee jira. Hundeessaan jalqabaa Etherium Charles Hoskinson kaka’umsa
bilookcheyinii buna kaardaanos (Cardano’s coffee blockchain) biyya
keenyattis jedhu eegalee jira. Gochaan walfakkaataan G fi H bilookcheeyin
jedhamus biyya keenya keessatti kan argamu yoo ta’u, biyyoota Afrikaa kan
biro keessattis, biyya Maaliitti gabaa qinxaaboo addunyaatiif kan dhiyaatu
biraand shaahii waliin walqabatee hojmaata kana hojii irra oolchiteetti.
Afrikaatti sirni itti fayyadama bilookcheeyin iftoomina uumuudhaaf fi sirna
kaffaltii fooyya’aa ykn salphaa uumuudhaaf faayidaa irra oolaa jira. (e.g see
Agrikore).

4.1.3. Carraawwan Gaarii Milkaa’ina


Galmeessisuu Ittiin Danda’amu

Ajandaa Fooramii dinagdee biyyaleessaa yeroo darban milkaa’ina galmaa’an


irratti hundaa’ee dinagdee maayikroo fooyyessuu, jijjiirama caasawaa, rifoormii
seektaraalee, carraa hojii uumuudhaan fi guddina hunda qabeessaa
mirkaneessuudhaan daandii gara badhaadhinaa nu geessu akeeka.
Dhimmoota Carraawwan Gaarii Oromiyaan Milkaa’ina Galmeessisuu ittiin
dandeessu keessaa kanneen irratti sirritti hojjachuu barbaachisa. Isaanis

a. Kalaqaa/Innovative,
b. Ragaaa irratti kan hundaa’ee/Evidence-Based,
c. Xiyyeffannon hojechuu/Focused,
d. Waliin hojechuu/Collaborative,  fi
e. Bu’aaratti kan hundaa’e/ Impact-driven fa’aadha. 

Damee qonnaa akka agarsiiftuutti yoo fudhanne kanneen kanaa gadii arganna.

21
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

 Galteewwanii fi tajaajila ammayyaawaa dhiyeessuudhaan omishitummaa


qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota sadarkaa gad aanaa irraa
olguddisuu,
 Qonnaan bultoonni mirga lafa fayyadamuu isaanii liiziidhaan akka
kireessan taasisuudhaan dhaabbilee daldala qonnaa gurguddoo keessatti
abbootii aksiyoonaa akka ta’an haguuggii seeraa dandeessisu qopheessuu,
 Bu’uura misooma fayyaa beeyladootaa, qo’annoo fi kalaqa (Innovation)
fooyyessuudhaan akkasumas industirii waliin hidhata akka uuman
taasisuudhaan oomisha horsiisa beeyladootaa ammayyeessuu,
 Oomishitoota qonnaa fi gabaa oomishinni kallattiidhaan itti gurguramu
gidduu akkasumas cancala sonaa daldalaa keessatti hidhata bu’a
qabeessaa hundeessuu,
 Dameen dhuunfaa qo’annoo fi hubannoo gadi fageenyaa qonnaa irratti
leeccaalloo akka dhangalaasu jajjabeessuu, deeggartummaa mootummaa fi
damee dhuunfaatiin babal’ifannaa bu’uura misoomaa giddu galeessaa fi
gurguddaa keessatti karaa ittiin hirmaatan sakatta’uu,
 Liqii xiqqaa, wabii midhaanii fi oomisha maasii keessatti argamu dursanii
waliigalteedhaan gurguruu tajaajila faayinaansii qonnaa kanneen kana
fakkaataniif haguuggii seeraa qopheessuu,
Dameelee jahan kanaa olitti caqasaman keessaa Arfan tajaajila bu’a qabeessaa
akka kennanii fi jijjiirama yaadame akka argamsiisan bu’uura misoomaa
diijitaalaa isaan barbaachisa. Kanatti aansee carraalee gaarii diijitaalaa damee
qonnaa ceesisuu danda’an tarreedhaan dhiyaataniiru.
Qabiyyee (Platform) Qonna Diijitaalaa Ijaaruu
Qonni diijitaalaa teekinoloojiiwwan haaraa fi filatamoo ta’an sirna tokko
keessatti qindeessee fayyadamuudhaan cancala sonaa qonnaa (Agricultural
value Chain) keessatti qonnaan bultoota argamanii fi qaamoolee qooda
fudhattootaa kanneen biroo oomisha nyaataa fi beeylada isaanii akka
guddifatan dandeessisuu jechuu dha. Qabiyyeen kun Teknoolojiiwwan qonna
deeggaran kanneen akka qonna diijitaalaa (Digital agriculture) fi dhaabbilee

22
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

akka Dijitaala Magariisaa (Digital Green) fi dhaabbilee miti mootummaa


kanneen teekinoolojii qonnaa irratti hojjatan waliin hojjachuu.
Teekinoloojiiwwan diijitaalaa iddoo hundatti kan argaman ta’uun isaanii, kan
socho’an ta’uun isaanii fi iddoo gara iddootti sochoosuudhaaf mijaa’inni qaban
dabalamee oomisha qonnaa fi nyaataa irratti jijjiirama bu’uuraa fiduu irratti
argamu. Keessumattuu babal’achuun teekinoloojii mobaayilaa, tajaajila miira
fuutuu ykn rimoot seensiingii (Remote Sensing) fi dandeettii xiinxala daataa
kompiyuutaraa (Distributed Computing) qonnaan bultoota qabiyyee gadi
aanaa qaban fi gabaa ilaalchisee odeeffannoo akka argatan, oomishaa fi
oomishitummaa isaanii akka guddisan, caasaa dhiyeessii qindeessuudhaan fi
baasiilee hojmaataa hir’isuu akka danda’an taasisaa jira.

Qonnaan bultoonni hedduun xaa’oo hangamii fayyadamuu akka qabaatan kan


murteessan safarrii tilmaamaa ta’e fayyadamuudhaan, muuxannoo fi gorsa
namoota biroo irratti hundaa’aniiti. Yeroo tokko murteessanii erga gara hojii
galanii booddee bu’aa isaa arguun kan danda’amu yeroo midhaan sassaabamu
qofaadha. Gama kaaniin sirni qonna diijitaalaa caalmaatti maddoota alaa akka
odeeffannoo haala qilleensaa waliin qindaa’uudhaan odeeffannoowwan sirrii fi
walitti aanan ni sassaaba. Odeeffannoo qindaa’e xiinxaluun fi dhiibbaa isaa
adda baasuudhaan qonnaan bulaan odeeffannoo qindaa’aa murtii
barbaachisaa irratti akka kennu ta’a. Murtiin teeknikaa qonna sirrii (Precision
Farming) kun roobootii fi maashinoota ammayyaawaadhaan saffisaan sirriitti
akka raawwataman dandeessisa. Qonnaan bultoonnis duub-deebii murtii fi
gochaa isaanii yeroo walfakkaataa muudannoo uumamaa jirutti argachuu
danda’u.

Teekinoloojiiwwan hojjiilee caqasamaniif oolan seensariiwwan, cimdaa


walqunnamtii (Comunication network), Tajaajila miira fuutuu fageenyaa
(Remote Sensing Services), diroonii ykn xiyyaara xiqqaa nama
malee(Unmanned Aviation Systems (UAS)), hubannoo namtolchee (Artificial
Intelligence (AI)), roobootii, maashinoota ammayyaawaa fi piriinsipiloota

23
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

intarneetii meeshaalee(Internet of things (IoT)) fa’a dha. Kunneen hundi


waliin odeeffannoo qonnaaf sassabuu irraa eegalee gurmeessuudhaan,
xiinxaluu fi kallattii kaa’uudhaan hojii qonnaatiif faayidaa guddaa gumaachu.

Kunis dandeettii kenniinsa murtii sirna odeeffannoo qindaa’aa fooyyessuu fi


itti aansees hubannoo haaraa hojii irra oolchuuf nama dandeessisu kenna.
Kunis qonnaan bultootaaf murteessaa akkasumas faayidaalee hawaasummaa
bal’aa argamsiisa. Karaa birootiin dhaabbileen daangaa industirii baratame
keessa taa’anii odeeffannoo akka wal jijjiiran dandeessisuu irra darbee
carraalee gaarii haaraa fi jijjiirama hundee fidaniif balbala bana.

Oromiyaa keessatti; mootummaan, dhaabbilee barnoota ol’aanoo fi damee


dhuunfaatiin hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) waliin walqabatee
carraaqqiiwwan kan taasifaman yoo ta’u Roobootii fi Barnoota Maashinaa
irratti milkaa’inni muraasni argamaniiru. Inistitiyuutii baayooteekinoloojii
Itiyoophiyaa, Inistitiyuutii teekinoolojii fi inoveeshinii (TechIN), ministeera
inoveeshinii fi teekinoloojii, ministeera saayinsii barnoota ol’aanaa, Biiroo
Qonnaa fi Qabeenya Uumamaaa Oromiyaa, Abbaa taayitaa saayinsii
tekinoolojii qunnamtii odeeffannoo oromiyaa, Inistitiyuutii Qorannoo Qonna
Oromiyaa, Abbaa Taayitaa To'annoo Galteewwan Qonnaa Oromiyaa,
Koomishinii Horsiisee Bulaa Oromiyaa, Ejensii Misooma Qabeenya Beeyladaa fi
Qurxummii, giddu gala qo’annoo fi misooma hubannoo namtolchee (Artificial
Intelligence Research and Development Center) haaraa hundeeffame kan
qo’annoo, misooma dandeettii addaa, muuxannoo fi barnoota, naamusaa fi
hunda qabeessummaa, sadarkaalee qulqullinaa fi dambiiwwan irratti
xiyyeeffatanii ni hojjatu. Giddu galli qo’annoo fi misooma tajaajila Artificial
Intelligence, oomishaalee fi furmaata teeknikaa, haala oromiyaa waliin
qo’annoo fi hubannoo gadi fageenyaan walsimanii fi barsiifaman akka
dhiyeessan ni eegama. Yuunivarsiitiin finfinnee sagantaa barnoota digrii
lammataa fi wiirtuu hubannoo namtolchee fi wiirtuu gahumsa roobotiksii
(Artificial Intelligence & Robotics Center of Excellence) walitti hidhamiinsa

24
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

ogeeyyii barnoota ol aanoo (academia) fi fedhii industiriilee gidduutti akka


uumamu taasisee jira.

Giddu galli kunniin damee qonnaa dinagdee biyyoolessaatiif baay’ee


barbaachisaa ta’e irratti kalaqaaf (Innovation) dursa kennanii hojjachuun
barbaachisaadha. Qonni diijitaalaa damee qonnaa karaa bu’uuraa ta’een
jijjiiruu fi sirna nyaataa (jechuunis damee agroo piroosasiingii fi tajaajilaa)
fooyyessuudhaaf dandeettii qaba. Haa ta’uu malee diijitaalayizeshiniin qonnaa
fi cancala sonaa nyaataa dhiibbaawwan irra aanu qaban jiru. dhiibbaawwan
kanneen keessaa nageenya saayibarii(cyber security) fi miidhaa daataa (Data
Protection) , humna hojjataa bakka buusuu fi leenjii keessa deebii akkasumas
sadarkaalee dinagdee adda addaatiin dameelee gidduutti sodaa
garaagarummaa itti fayyadama diijitaalaa (Dijital Divide) uumuu fi
teekinoloojiiwwan haaraa fayyadamuuf garaagarummaa humna namoota
dhuunfaa gidduu jiraatu fa’a dha. Haalonni qormaataa kunneen hundi
jiraatanillee tiraanisfoormeeshiniin diijitaalaa dhimma hin oollee dha.
Dhiibbaalee kanniiniif hiikoo barbaaduun teekinoloojii diijitaalaa damee
qonnaatiin bal’inaan fayyadamuuf caasaa duudhaa keessatti qaamolee taatota
ta’an gidduutti waliigalteen waliinii fi tumsi jiraachuu qabaata.

4.1.3.1. Teekinoloojii qonnaa irratti Hojii Uumuu


deeggaruu fi Jajjabeessuu
Hojii uumuun teekinoloojii qonnaa irratti hundaa’e xiyyeeffannoo addaa fi
leeccaalloo ramaduu qofa osoo hin taane, carraa hojii uumuu, al-ergii
guddisuu, hunda qabeessummaa mirkaneessuu carraa gaarii damee qonnaa
irratti tiraanisfoormeeshinii fiduu danda’uu dha.

Teekinoolojiin carraa hojii uumuu (Technology entrepreneurship) guddina


dinagdee addunyaa sochoosuu qofa osoo hin taane, fi carraa hojii kan uumu
yoo ta’u kalaqni ammayyaawaa fi gadi fagoo ta’an sadarkaa jireenyaa kan
olkaasuu dha. Akkuma hojii uumtoota teekinoloojii kanneen birootti hojii

25
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

uumtonni teekinoloojii qonnaa (Ag-Tech) yaada isaanii gara dhaabbata


daldalaatti jijjiiruudhaaf sadarkaalee afur darbu. Isaanis: -
 qo’annoo fi yaada maddisiisuu,
 dizaayinii fi mirkaneeffannaa,
 dhaabbata daldalaa hundeessuu fi dhuma irrattis
 guddisuu fi babal’isuu fa’a dha.
Adeemsaaleen kunneen bu’aa akka fidanii fi worraaqsa dinagdee akka uuman
carraa hojii uumuu, argamsa sharafa alaa guddisuu fi hunda qabeessummaa
mirkaneessuun akka ibsaman mootummaan deeggarsa bu’a qabeessaa fi
addaan hin cinne gochuuf qaba.

Hojii Uumtoota Jalqabaa Hojii Qonna Teekinoloojii Bu’uureffatanii fi


Fedhii Kalaqxootaa Irratti Hundaa’uudhaan Deeggarsi Mootummaa fi
Tajaajilli Inkubeetariiwwanii Cimuu Ni Danda’u. Tajaajila barbaachisaa
kennuun akka danda’amu, hundeessitoota dhaabbata daldala jalqabaa,
abbootii qabeenyaa dhuunfaa fi gorsitoota teeknikaa waliin tumsuudhaan
ulaagaalee kalaqa hojii jalqabaa of eeggannoodhaan gamaaggamuu gaafata.
Hundeessitoonni dhaabbilee jalqabaa amma jiran; dhaabbilee haaraa
hundaa’aniif muuxannoo isaanii qooduudhaaf, kallattii akeekuuf, deeggarsa
teeknikaa fi ijaarsa dandeettii kennuun akka danda’amu adeemsicha irratti
hirmaachuu qabu. Gama birootiin fedhii industirii fi haala gabaa
hordofuudhaan dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa furmaata fedhii gabaa
ol’aanaa qaban dhaloota irraa eegalee hanga guddinaatti jajjabeessuun isaa
hojii uumtota caalmaatti akka hojjatan ni kakaasa. Dhaabbileen mootummaa
dhimmoonni kunniin isaan ilaallatuu fi naannolee hundatti qindoominnii fi
waldubbisuun cimaan akka jiraatu taasisuudhaan duubatti harkifannaa
kenniinsa murtii furuu fi furmaata qonnaa kalaqa irraa maddan caalmaatti
faayidaa irra akka oolan taasisuun ni danda’ama. Adeemsi kana fakkaatu
dargaggeessi hojiilee tajaajila waliin walqabatan barbaaduudhaaf gara
magaalaatti godaanuu dhiisee naannawa baadiyyaatti akka turuu fi
qonna ammayyeessee akka jiraatuuf fayyada.

26
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Abbaan Taayitaa Saayinsii Teknoolojii Quunamtii Odeeffannoo Oromiyaa


Ministeera Teekinoloojii fi Innooveshinii waliin ta’uun kalaqa hojii
teekinoloojii bu’uureffatan ilaalchisee shoora murteessaa dhiibbaa
uumuuf isa dandeessisu qaba. Manni hojii kun sagantaa biizinas
inkubeeshinii naannoo fi kaka’umsa kanneen biroos fayyadamuudhaan
rakkoolee furuuf kalaqa hojii qonnaa teekinoloojii bu’uureffatan deeggaruuf
kan onnatee fi ammayyuu deeggaraa kan jiruudha. Carraaqqiiwwan kana
fakkaatan deeggaruu fi jajjabeessuun qonna ceesisuu irratti qofa osoo hin
murtaa’in dargaggeessi guutuu biyyaatti argamu adeemsicha irratti akka
hirmaatuu fi akka waliigalaatti milkaa’ina dirree kalaqa hojii teekinoloojii
bu’uureffateef hojii uumtotaa fi tajaajiloota barbaachisaniif fedhiin akka
dabalu ni dandeessisa.

Dabalataanis Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa, Abbaa taayitaa


saayinsii tekinoolojii qunnamtii odeeffannoo oromiyaa, Inistitiyuutii Qorannoo
Qonna Oromiyaa, Abbaa Taayitaa To'annoo Galteewwan Qonnaa Oromiyaa,
Koomishinii Horsiisee Bulaa Oromiyaa, Ejensii Misooma Qabeenya Beeyladaa
fi Qurxummii fi koomishiniin carraa hojii uumuu qaamolee qooda
fudhattootaa waliin tumsuudhaan haguuggii seeraa dhaabbilee jalqabaa
qopheessuu barbaachisa. Haguuggiin seeraa kun dhaabbileen jalqabaa
furmaata maddisiisuuf deeggarsa barbaachisu kan taasisuuf dirree
inoveeshinii si’aa’aa akka uumu ni eegama. Haala biyya keessaa irratti
muuxannoo horachuu fi qayyabannaa gahaa argachuun qabiyyeewwan afaan
ofiitiin qopheessuuf dhaabbileen jalqabaa dandeettii fi shoora mataa isaanii
waan qabaniif qophaa’uun haguuggii seeraa kun baay’ee barbaachisaa dha.

4.1.4. Hunda Qabeessummaa Mirkaneessuu


Oromiyaan damee qonnaatiin carraaqqii bal’aa gochuudhaan fooyyeffamoota
hedduu galmeessiftee jirti. oromiyaa keessaatti haala fayyadamaa fi hunda
qabeessummaa teekinoloojii diijitaalaa mirkaneessuu waliin walqabatee
dhiibbaawwan jiran rakkoo bu’uuraalee misoomaa (qaqqabummaa sarara

27
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

bilbilaa fi intarneetii) fi humna namaa (namni dubbisuu fi barreessuu danda’u


baadiyyaatti xiqqaachuu) waliin kan hidhatanii dha. Hudhaaleen bu’uuraalee
misoomaa furuun salphaa fi saffisaan raawwatamuu kan danda’u yoo ta’u
furamuun rakkoo kanaa immoo hanqina beekumsaa fi muuxannoo
diijitaalaas furuuf ni dandeessisa.
Yeroo baay’ee rakkoon barreessuu fi dubbisuu dadhabuu baadiyyaa jiru
Intarneetiin walbaruu ni dhorka, garuu Dhiibbaa kana dhabamsiisuudhaaf
aplikeeshiniiwwan qopheessuun ni danda’ama. Sararri bilbilaa tajaajila sagalee
kennan(Voice services) kan qonnaan bulaan itti fayyadamu 8028 dursanii
kan jiran yoo ta’u teekinoloojiiwwan haaraa wlafaana guddachuu fi fooyya’uu
irratti argamu. Daataa guddaan (Big Data) fi hubannoon gadi fageenyaa
(Artificial Intelligence) sagalee haala fooyya’aadhaan adda baasuu (voice
recognition) fi tajaajilli turjumaanaa saffisaan dabalaa jira. Yeroo ammaa
kalaqtoonnii kan irratti hojjataa jiran qonnaan bultootni oromiyaa
aplikeeshiniiwwan haaraa sagalee irratti bu’uureffatan fayyadamuu akka
danda’an tajaajila teekinoloojii haaraa misoomsuu irratti argamu, kunis
daangaa tajaajilamtoota qonnaan bultootaa babal’isa. Kaka’umsi akkanaa
kunis invetimentii dhiyeessii humna elektirikaa fi dandeettii qunnamtiitiin
deeggaramuu qaba. Akkasumas, bu’aan invastimantii Lammiilee carraa
barnootaa hin arganne barsiisuudhaaf taasifamu kan eegamu yeroo
dheeraadhaan waan ta’eef teekinoloojiiwwan yeroo ammaa hojii irra oolan
ilaalamuu kan qaban itti guutiinsa hanqina yeroo gabaabaa taasifamaniiti.

4.2. Kallattii Oggansa 2. Manufaakchariingiitiin


jijjiiramoota Idil-addunyaa dhufuuf Hojmaata
barbaachisan
Biyya akka itiyoophiyaa imala
industiriyaalaayizeeshinii irratti argamtuuf
industiriin omishaa dinagdee diijitaalaa hunda
qabeessaa dhugoomsuudhaaf kallattii

28
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

guddinaa adda duree dha. Akka nannoo Oromiyaatis dameen kun babbalchaa
kan adeemaa jiruu yoo tahuu damee kana digitaleesuun uummata keenyaa
naannoo bal’aa keessattii argamu fayyadamaa tahuu taasisuu keessattii gahee
guddaa kan qabu dha.

Kallattiin guddina kun damee huccuutiin jijjiiramni teekinoloojii Idil_Addunyaa


irra gahee qaqqabuuf, bu’aa argamu guddisuuf, invastimantii akka Naannoo
Oromiyaattii Barbaachisuu maal fa’a akka ta’u qabu ni tarreessa.

Industiriin omishaa salphaa sharafa alaa fi hojiilee haammataa uuma. Caasaa


duudhaa fi gabaa Idil_Addunyaa waliin haalaan kan walitti hidhatee dha.
Damee kanatti galuun faayidaan argamsiisu akka armaan gaditti
tarreeffamaniiru: -

Argamsa sharafa alaa, kalaqa hojii, dubartootaa fi humna namaa ogeesa


hin taaneef carraa ni uumaa. Dameelee biroo irraa haala adda ta’een humna
namaa baadiyyaa irraa gara magaalaa yaa’uuf carraa hojii kan uumu yoo ta’u
dubartootaf galii argamsiisuudhaan dinagdeedhaan kan of danda’an akka
ta’an taasisuu irrattii gumaachi isaa ol’aanaa dha. Industiriiwwan omishaa
salphaa kanneen akka huccuulee, kan dhiiraa waliin yommuu dorgomsifnuu fi
ilaallu dubartoota lakkoofsa ol’aanaa qabaniif carraa hojii uumanii jiru.

4.2.1. Haalota Wayitaawaa


Waggoottan muraasa darban kessattii industiriin omishaa akka Biyyatiis
ta’ee akka Naannoo Oromiyaa keessati damee guddina saffisisaa
galmeessisaa jiruu dha. Industiriin Omisha huccuu biyyoota akka Chaayinaa,
Baangilaadish ykn Veetnaam jiran yeroo dheeraaf Kan fayyadan yoo ta’u,
Naannoo keenya keessattis hanga har’aatti industiriiwwan omishaa salphaa
keessaa damee daldala al-ergii murteessaa dha. kanaafuu akka naannootti
daldala al-ergii huccuu irratti xiyyeeffanna.

Biyyii Keenya yeroo ammaa omisha huccuu Idil_Addunyaatiif filatamtuu


ta’aa jirti. Dursitoonni industirii omisha madda isaa Eeshiyaa taasifatee turee

29
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

irraa filannoo fooyyee barbaadaa Kan jiran yoo ta’u kanaafis gatii humnaa gadi
aanaa Kan itti gaafatamu Afrikaan filatamtaa ta’aa jirti. Fakkeenyaaf gabaa
qinxaaboo keessatti tarree jalqabaa kan argamu Filip Maap Hiwuzan (PVH)
galma isaa kan ture omisha isaa 25% Eeshiyaa (keessumattuu Chaayinaa,
Baanglaadeesh fi veetnam) irraa gara Afrikaa fiduu ture. Kallattii kanaan biyyii
kenyaas deeggaraa ta’uu ishee agarsiisuu waan dandesseef invastimantii
ol’aanaa kana irraa fayyadamaa ta’aa jirtii. Qabeenyi Humna hojjataa
Itiyoophiyaa dorgomaa tahee fi baasiin elektirikaa akkasumas African Growth
and Opportunity Act (AGOA) kan fakkaatu gabaa Ameerikaatti daangaa kootaa
kan hin qabnee fi carraan gabaa taaksii irraa bilisaa biyyattiiin gahumsaan
filatamtuu akka taatu taasisee jira.

Paarkiiwwan industirii lakkoofsaan 13 sadarkaa Idil_Addunyaa eegan


mootummaa fi damee dhuunfaatiin biyyicha keessatti, Oromiyaa keessa yeroo
ammaa shanatu argama. Kanneen keessaa Paarkiin industirii Adaamaa
huccuulee gabaa biyya alaatiif dhiyaatan omishuu irratti kan xiyyeeffatee fi
maashinoota adda addaas kan haammatu dha. Paarkiiwwan akka Oromiyaatii
ijaaraman Magaalota gurguddoo irraa fagaatanii kanneen ijaaraman waan
ta’aniif carraa hojii namni baay’een akka fayyadamuu fi naannawa isaanittis
magaalota haaraa akka uumaman taasisuu kessattii gahee guddaa qabu.
Akkaataa gabaasa EIC fi Cepheus Research compilation bara 2020 ALA irratti
ibsaniin baayyinni hojjettota paarkiwwanii fi sharafni alaa argamu waggoottan
darban sadii keessatti dachaan dabalaa jira.

Al-Ergii Paarkiwwan Industirii Lakkoofsa Hojjetaa Waliin


2017-18 2018-19 2019-20
Al-ergii waggatti $44,818,32 $141,004,122 $164,968,485
3
Baayyina hojjetaa 43,932 63,982 80,802
waggaatti (averejiin)

Al-ergii/ lakk hojjetaaf $ 1,020 $ 2,204 $ 2,042


waggaatti

30
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Madda: EIC

Haa ta’u malee biyyii keenya milkaa’ina iddoo gahumsaa industiriiwwan


Idil_Addunyaa industiriiwwan salphaa daldala al-ergii irratti xiyyeeffatan ta’uu
irra hin geenye. Kallattii madaallii idil addunyaatiin yommuu ilaalamu biyyii
keenya reefu kubbaaniyyaawwan 100 gadi ta’an qabattee gara damee huccuu
kanattii galaa jirti. Gama birootiin baanglaadeesh dhaabbilee 4,500 Kan
qabdu yoo ta’u, baajata biyyoolessaa ishee keessaa gahee dhibbeentaa 80 ta’u
qaba. Gama birootiin omishaalee walxaxaa fi bu’aa ol’aanaa argamsiisan
omishuuf ce’umsi taasifamu rakkisaa fi ulfaataa dha. Yeroo duraanii humna
namaa gati gadi aanaa gaafatuu fi omisha walxaxaa hin taane qabachuun gara
cancala sonaa idil_Addunyaa keessattii galuun industiriyaalaayizeeshiniidhaaf
fayyadee ture. Yeroo dhuufaa jiru keessattii garuu dameen industirii kun haala
baratameen itti fufuun bu’a qabeessummaa isaa ni daangessa.

4.2.2. Haalota Idil_Addunyaa


Sababa jijjiirama industirii arfaffaatiin carraan hojii hangamtu damee
industirii omishaatiin awutomeeshinii dhaan (automation) bakka buufama
? Hojiin huccuun wal qabatu amala isaatiin hojiilee dandeettii harkaa gaafatan
kan qabuu fi kallattii dinagdeetiin bu’a qabeessa taasisuun rakkisaa waan
tahuuf ofummeessuun (automate) rakkisaa dha. Ta’us garuu taatonni dame
kanaa guddina damichaa guutumaan guututti ofummeessun akka danda’amu
cimsanii ni mormu. Yaa ta’u malee kun yeroo hangamiin booddee gara hojiitti
jijjiiramuu akka danda’uu fi gama baasitiinis hangam bu’a qabeessa akka ta’e
ifaan wanti taa’ee hin jiru. Isaan tokko tokko teekinoloojii kana (roobootiiwwan
of danda’anii huccuulee guutumaan guututti hodhuu kan danda’an) waggaa
kudhan kessattii hojii irrattii akka oluu ni dubbatu. Ogeessonni damichaa
hedduun isaanii garuu kana dhugoomsuun osoo danda’amee illeen hammi
bu’aa isaa gadi aanaa waan ta’uuf invastimantichi bu’a qabeessa hin ta’u
(fakkeenyaaf Kucera 2017)9. Waan kana ta’eefis biyyoonni guddachuu irratti
argaman gama gatiitiin dorgomaa ta’anii itti fufuu yaada jedhu kennu.

31
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Waan kana ta’eefis maashinoota Awutoomaatikii tahaan Akka biyyaas tahee


akka naannoo Oromiyaa keessatti damee huccuutiin hojjattoota gatii gadi
aanaadhaan hojjatan bakka bu’uu danda’uun isaanii yeroo gabaabaatti
kessattii kan dhugoomu miti.

Fakkii 4: Fedhiin Leenjii Muuxannoo Haaraa Kubbaaniyyaawwanii Giddu Galeessa gahee hojjattootaatiin
2018-2022

Oromiyaanis damee huccuu baasii gadi aanaa qabu bakka buusuun Baha
Awuroppaatti fedhii mul’achaa jiru irraa fayyadamtuu ta’uu ni dandeessi.
Fakkeenyaaf Sarbiyaan dhiyeenya lixa Awuroppaatiif qabdu irraa kan ka’e
dhiyeessii saffisaatiif waan filatamtuuf industiriiwwan omisha huccuulee
hedduu qabdi. Iddoowwan kanneenitti gatiin humna hojjataa ol’aanaa yoo ta’u
adeemsi humna namaa awutomeeshiniidhaan bakka buusuun garuu hanga
har’aatti mul’achaa hin jiru.

Damee huccuu naannoo keenyaa keessatti hojiilee awutomeeshinii hedduu


yeroo tokkoo kessattii hojii irra oolchuun battalatti omishtummaa hin guddisu.
Sababni isaatis hojjattoonni teekinoloojii haaraa waliin of barsiisuun isaan
barbaachisa. Teekinoloojiiwwan jabanni irra gahe irraa fayyadamuuf jalqaba
hojiin hunda dura ta’uu kan qabaatu dandeettii humna namaa industirii
guddisuu fi ilaalcha irratti hojjachuu dha.
32
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Ijaarsi dandeettii dhaabbilee adda durummaa qabaniif dhimma dursi


kennamuufi dha. Leenjiin muuxannoo haaraa kun teekinoloojiiwwan haaraa
baruu fi raawwachuudhaaf salphaa dha yaada jedhu irratti kan hundaa’ee
dha. Carraa gaarii jijjiiramni industirii arfaffaan fidee dhufu keesaa humni
hojjataas ta’ee hawaasni fayyadamuu akka danda’u dhaabbileen humna
namaa isaanii sirna leenjii muuxannoo haaraa keessaa dabarsuuf qophaa’uu
qabaatu. Dabalataanis adeemsa umrii guutuu barnootaan of cimsuu hordofuu
fi mootummaanis adeemsa isaa deeggaruu qabaa.

Teekinoloojiiwwan Walqunnamtii Haaraan Damee Huccuu Keessatti

caalmaatti Barbaachisoo Ta’u.

Warshaaleen awutomeeshiniin alatti meeshaa jabanni irra gaheen of


gurmeessuu irratti argamu. Kaayyoon adda dureen isaanii akaakuu tajaajilaa
hedduu sochilee isaanii waliin qindeessuun gabaa alaafis gurguruu danda’uu
dha. Kun immoo meeshaalee omishaa fi giddu gala inoveeshinii Idil_Addunyaa
gidduu dandeettii qunnamtii (connectivity) saffisaa jiraachuu isaan gaafachaa
jira.

Quunnamtii Marsaritii (Website) saffisaa fi dhaabbilee oomishaa egeree gidduu


walitti hidhaminsii jiru dorgommii keessatti mo’ataa ta’anii bahuudhaaf
deeggarsa qabu mootummooleen hubatan carraaqqii adda addaa taasisaa jiru.
Gama kanaan teekinoloojiiwwan gaditti tarreeffaman keessaa tokkoo fi isaa ol
ta’an qabaachuun barbaachisoo dha.

 Koonfiraansii Teeleeprazansii Dhaabbataa (Fixed Telepresence


Conferencing): qunnamtiin kun viidiyoo qulqullina fakkii ol’aanaa
(resolution) qabuun kan raawwatu yoo tahu, huccuu bitaan tokkoo oomisha
baayyinaan ajajuun dura modeela huccuu sanaa sirriittii dhiheesuu fi
fageesuun (zoom in & out) ilaaluun fi tarreedhaan kaa’uu kan dandesisuu
dha.

33
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

 Koonfiraansii Teeleeprazansii Soocho’aa (Mobile Telepresence


Conferencing): teekinoloojiin kun karaa adda addaatiin faayidaa irra kan
ooluu dha. Fakkeenyaaf agarsiiftuu leensii fi iskiriinii qabaatee, gommaa
maadaallii isaa eegee akka socho’uuf isaaf galeen, namni dhuunfaa tokko
fageenya irra taa’ee kan to’atu dha. Mala kanaan ogeessoonni hojjattoota
fageenya irraa to’achuudhaan ajaja kennuudhaaf itti fayyadamu. Itti
gaafatamtoonni kutaa omishaa maamila isaanitiif rakkoo isaan mudate
garagaaggalchuudhaan agarsiisuuf itti fayyadamu. Karaa birootiin
dhaabilee omishaa nannoo Kenya kessattii jirani fi hojjattoota
omishitummaa gadi aanaa qaban hojmaata omishaa Chaayinaa ykn
Baanglaadeesh jiru fageenya irraa akka ilaalan taasisuudhaan hojjattoota
achitti argaman irraa omishitummaa fi muuxannoo fudhachuu akka
danda’an gochuun ni danda’ama.
 Teekinoloojii Varchuwaalii (Virtual Reality):-meeshaa fuullee ijaa fi
tuttuqaadhaan hojjatu fayyadamuudhaan naannawa yaadaa dhugaa
fakkaatu keessa galuu dha. Meeshaa kana agarsiisa faashinaa agarsiisuuf fi
omishaalee irratti hubachiisa fedhii omishaaleetiif ni tajaajila. Damee adda
addaatiin simuleeshinii (Simulation) leenjisuuf faayida qabeessa ta’ee
argameera.

4.2.3. Carraawwan Gaarii Milkaa’ina


Galmeessisuu Ittiin Danda’amu
muraasa ta’an illee damee hojii huccutiin daldala al-ergii eegeree yaada keessa
galchuun naannoo keenyaa ni barbaachisa. Gatii humna gadi aanaa fi
omishaalee walxaxiinsaan daangeffamaa qaban qabachuudhaan adeemsi gara
industiriyaalaayizeeshiniitti makamuun modeela guddinaa yeroo dheeraa hojii
irra oolee dha. Garuu dameen kun hangam egeree yaada keessa kan galchee
dha? Naannoon keenya caasaa duudhaa huccuulee Idil_Addunyaa keessatti
dorgomtuu taatee ijaaruudhaaf tarkaanfii qabatamaa maal fa’a fudhachuu
qabdii? Inni jedhu qabxii ka’uu qabuudha. Naannoo Keenya kessattii kallattii
misoomaa industirii omishaatiin bu’aa gaarii galmeessisuu kan dandeenyu

34
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

dhiibbaa gurguddoodhaaf furmaata dijitaala bu’uureffatan yoo keenyee dha.


Hamma muraasaanis yoo ta’e awutomeeshinii fi diijitaalaayizeeshiniin waan
hin oolle waan ta’eef biyyii fi nannoon keenya yeroo dhufu keessattii cancala
sonaa Idil_Addunyaa keessatti dorgomaa akka ta’an raawwii saffisaan
adeemsisuu qabu.

Warshaaleen Naannoo keenyaa Gama Teekinoloojiitiin Booddeetti Kan


Hafani miti. Warshaaleen huccuu nannoo keenyaa garri caalu gama
awutomeeshiniitiin teekinoloojii gadi aanaa kan fayyadaman yoo fakkatanillee,
yeroo dhiyoo gara paarkii industirii kan seenan adeemsa hojmaataa
addunyaan irra gahe hojii irra oolchuu irratti argamu. Warshaaleen kana
fakkaatan jiraachuun isaanii kanneen biroo irratti dhiibbaa al-kallattii qaba.
Fakkeenyaaf mahaandisummaa makaanikaalaa fi makaanikummaa
elektirooniksii gidduu garaagarummaan jira. Biyyoonni damee kana irratti
bobba’an tokko tokko ammas maashinoota waggaa kudhan lakkoofsisan waliin
hojjatu. Gara maashina diijitaalaa haaraatti yommuu ce’an walitti dhufeenyi
isa fuulduraas ta’ee isa duubaa waliin qaban bu’uura irraa waan jijjiiramuuf
mahaandisoonni makaanikaalaa biyya keessa jiran maashinoonni diijitaalaa
yommuu caban suphuun isaan rakkisa. Nannoon keenya ce’uu kan dandeessu
kallattiidhaan gara maashinoota diijitaalaa darbuudhaani fi damee huccuu
guddachuu irratti argamu eebbifamtoota mahaandisummaa diijitaalaa waliin
qunnamsiisuudhaani.

Jiraachuun meeshaalee omishaa jabanni irra gahee mataa isaatiin


naannawaaf beekumsi haaraan akka haafu fi baratamuu taasisuuf faayidaa
qaba. Waggoottan dhufan omishtummaan humna hojjataa naannoo keenyaa
dabalaa yommuu dhufu omishtummaan waliigala warshaalee awutomeetid
ta’anii faallaa warshaalee aanaaloogii ta’uun ol ka’u. Kunis kubbaaniyyaawwan
haaraa birootti salphaatti waan mul’atuuf, dabaree isaanitiin sadarkaa isaani
ol kaasuudhaaf invastimantii isaan dandeessisu qabaachuun dorgomtootaa
isaanii dursanii hojii irra oolchuu ni danda’u. Dhaabbileen biroo damichaan

35
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

muuxannoo gaggaarii argachuudhaaf addunyaa waliin gahuun isaan irraa hin


eegamu. Dhaabbata omishaa isaan biratti argamu irraa qabatamaan ilaaluu ni
danda’u. Faayidaan dhaabbilee oomishaa walfakkaataa fi walsooran iddoo
tokkotti sassaabuu inni guddaan ce’umsa beekumsaa dhaabbata
omishtummaa ol’aanaa qaban irraa gara dhaabbata omishitummaan gadi
aanaatti taasifamu dha.

Qunnamtii Intarneetii Saffisaa fi Amansiisaa Itti fayyadama Teekinoloojii


qunnamtii haaraa guddisuuf
Damee oomisha huccuulee keessaatti teekinoloojiin qunnamtii haaraa
caalmaatti barbaachisoo ta’u. waan kana ta’eefis dandeettii qunnamtii
intarneetii gaarii fi dhaabbilee omisha huccuu egeree dursaan dorgommii
keessatti mo’ataa ta’anii bahuudhaaf carraa fooyya’aa qabaatu.
Biyyoonni dandeettii teekinoloojii gadi aanaa qaban bittoota waliin wal arguuf
ni rakkatu. Teekinoloojiin qunnamtii kan yeroon irra tare waan ta’uuf
mirkaneeffannaa bitattoota isaanii argachuudhaaf adeemsa duubatti hafaa
saamuda erguu fi deebisuu hordofu. Dandeettiin qunnamtii teekinoloojii
rakkisaa osoo ta’uu baatee kubbaaniyyaawwan naannoo keenya keessatti
argaman teekinoloojiiwwan fooyya’an kanneen fayyadamuu eegaluu fi omisha
isaanii guddisanii caalmaatti carraa hojii uumuu fi argannaa sharafa biyya
alaa guddisuu ni danda’u ture.

Teekinoloojiin Qunnamtii duudhaa hojjataas ta’ee kubbaaniyyaawwan


naannoo keenyaa dabalaa akka deemuuf tarii raacitii hangafaa ta’uu ni
danda’a. kanaafis sababni isaa walumaagalatti jiraachuu intarneetii birood
baandii (Broadband Internet) waliin walqabatee qunnamtii odeeffannoo
akaakuu haaraa fi eegalamuun barnoota fageenyaa waan dhufuufi dha. Kun
immoo saamuda erguu fi fudhachuu gidduu hudhaa jiru dhiphisuu irra darbee
bu’aa gaarii kan qabuu dha. Industiriiwwan omishaa omishaalee isaanii gabaa
alaatiif dhiyeessan itti fufiinsaan dorgomtoota akka ta’an dandeettiin
qunnamtii teekinoloojii diijitaalaa isaan barbaachisa. Naannoon keenya

36
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

ogeeyyii cimoo ta’an gara paarkii industiriitti hawwachuu fi keessa tursiisuuf,


haala jireenya mijataa nageenyi isaanii eegamee fi gatiidhaanis madaalawaa
ta’e qopheessuun barbaachisaa dha. Bara 2021 jirru kana keessa hojjattootaaf
tajaajila intarneetii saffisaa fi madaalawaa ta’e hanga mana isaanitti
dhiyeessuun murteesssaa dha. Jiraatonni naannawa paarkichaatti argaman
tajaajila intarneetii akka qabaatan taasisuun, bifa nama ajaa’ibsiisuun
hojjattoonni paarkicha dhufanii hojjachuuf ykn dhiisuuf murtiin irra gahan
irratti dhiibbaa geessisuuf shoora ol’aanaa kan taphatuu dha. Rakkoolee
anaaloogii waliin walqabatan kana kanaan dura ibsaman furuuf gargaara.
Nageenyaa fi loojistiksii waliin walqabatee wantoota ka’an saffisaa fi karaa
amansiisaa ta’een tajaajilli intarneetii akka jiraatu taasisuudhan furamuu ni
danda’u (aplikeeshini ride-halling ilaalaa). Dabalataanis naannawa jireenyaa
tajaajila intarneetii saffisaa fi gatiin madaalawaa jirutti bu’aan dinagdee gaariin
hin eegamne akka uumamu taasisa. (Keeniyaatti haala hojjattoota Kaahaawaa
kilaastar Onlaayinii ilaalaa).
Mandari TQO tajaajila qindaa’aa Industirii Omishaatiif barbaachisoo ta’an
yaaliin itti taasifamu kanaaf agarsiiftuu ta’uun tajaajiluu ni danda’a.
Caasaa gabaa omisha addunyaa Itiyoophiyaadhaaf qabuuf tajaajilli intarneetii
saffisaa fi amansiisaa dhimma baay’ee murteessaa ta’uu isaa waliin walqabatee
akkaataa omisha moofaa tajaajila quunamtii odeeffannoo haaraan gabaa
alaatiif dhiyeessuu waliin wal keessa galchuudhaan paarkiiwwan industirii
kanneen biroof kaffaltii hojjataas ilaalchisee paarkii agarsiisa ta’uu danda’uu
dha. Caasaa duudhaa huccuulee addunyaa keessatti dorgomaa ta’uudhaaf
kubbaaniyyawwan Nannoo keenya kessattii argaman sooftiweeriiwwan jabanni
irra gahe akka fayyadaman bitattoonni isaanii dhiyoottis ta’ee turee dhiibbaa
uumuun isaanii hin oolu. Yeroo sana bu’uurri misoomaa barbaachisaan
qopheeffamuu qabu. Kallatti qunnamtii intarneetii Keeniyaa fi Ruwaandaa
waliin yommuu ilaalamu gadi aanaa kan ta’e, Baanglaadiish darbitee
adeemuudhaaf qunnamtii intarneetii amansiisaa kaffaltii hojjataa gadi aanaa

37
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

waliin cimdeessuudhaan fayyadamuudhaaf carraan Biyyii fi naannoon keenya


qabdu amma dha.

4.2.3.1. Guddina Daldala Al-ergiitiif Hooggansa Hojii Loojistikii


Diijitaalaan Deggarame.
Tiraanisfoormeeshiniin diijitaalaa mul’ata industiriyaalaayizeeshinii al-
ergiidhaan hoogganamuu dhugoomsuudhaaf naannoo keenyaaf carraa
gaarii ni uuma. Naannawa dinagdee addunyaa saffisaan jijjiramaa yeroo
ammaa keessatti argamnu keessatti mindaan gadi aanaa fi tajaajilli elektirikaa
ra ta’ee qofaa dorgomaa ta’uudhaaf gahaa miti. Yeroo ammaa omisha
saffisaan fi gatii madaalawaadhaan ka’umsa irraa gara gahumsaatti
geessuu danda’uun dorgomaa ta’uudhaaf haal-duree isa ijoo ta’eera.
Dorgommiin biyyoota muuxannoo loojistiksii daldalaa gabbate dura irrattii
argaman waliin ta’uun isaa immoo haalicha caalmaatti barbaachisaa isa
taasisa.
Nannoon keenya Carraalee gaarii teekinoloojiiwwan diijitaalaa haaraan
uuman loojistikii daldalaa ishee ammayyeessuuf fi daldala al-ergii
si’eessuuf itti fayyadamuu qabdii. Shoora murteessa loojistikiin daldalaa
qabu hubachuudhaan biyyii keenya bu’uura misoomaa ishee fi imaammata
ishee kanaan walqabatan fudhachuuf tarkaanfii hedduu fudhattee jirti.
Fakkeenyaaf sararri baaburaa haaraan Finfinnee irraa gara Jibuutiitti
diriirfame isa tokkoo dha. Buufata Gogaa Mojotti argamu babal’isuuf fi
meeshaalee loojistikii sadarkaa isaanii eeggatan fayyadamuudhaaf yaaliin
taasifamaa jira. Fooyyeffamoonni kanneenii fi gumurukaa waliin walqabatan
raawwii daldala al-ergii naannoo keenyaa tumsuudhaaf kan gargaaran ta’u
illeen ammas gahaa miti. Biyyii Keenya qaxanaa baha Afrikaatti biyya sirna
loojistikii daldalaa si’ayina gadi aanaa qabu qabduu dha.
FakkeenyaafkKonteenarri abbaa kophee 20 huccuulee qabate Itiyoophiyaa
irraa gara Jarman geejjibuudhaaf baasiin fixu kan Veetnaam waliin yommuu
madaalamu dhibbeentaa 247 tiin, Baanglaadiish waliin immoo dhibbeentaa
72 ni caala.A.L.A 2016 odeeffannoo eertuu raawwii loojistikii Baankiin

38
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Addunyaa baase irratti Itiyoophiyaan biyya akka ishee buufata hin qabne
Ugaandaa gadi irraa qabxii gadii bu’aa 2.37 kan argatte dha . Daangaa irratti
omisha gara biyya keessaa adeemsi galchuu fi baasuu mijaa’ina qabu
ilaalchisee biyyoota 190 keessaa sadarkaa 156 ffaa galmeessifteetti.

Yeroowwan kanatti aanan keessatii nannoon keenya Loojistikii


Daldalaatiif Xiyyeeffannaa Addaa kennuu Qaba. Keessumattuu hidhanni
daldala al-ergii, diijitaalaayizeeshinii fi loojistikii daldalaa gidduu jiru
xiyyeeffannoo barbaada. Omisha daldala al-ergiitiif dhiyaate yeroodhaaf
sirnaan qaqqabsiisuu hojiilee damee hedduu fi hirmaannaa qaamolee qooda
fudhattootaa hedduu gaafata. Mootummaanis dhimmoota lamaan kanaa gadii
irratti xiyyeeffannoo duraa kennee irratti hojjachuu qabaata.

 Duraan dursee omishaaleen lakkoofsaan baay’ee dhaabbilee omishaa


keessaa bahan kan gurguraman gabaa qunnamtiin qaamaa jirutti osoo
hin taane karaa diijitaalaatiin dha. Biyyoonni akka Itiyoophiyaa
xiyyeeffannoo kennuu dhiisuudhaan bira darbuu kan hin qabaanne daldala
elektirooniksii karaa murteessaa daldalli al-ergii ittiin adeemsifamu ni
taasisa. Qophaa’ummaa gabaa elektiroonikii waliin walqabatee hanqinaalee
jiran cufuuf tarkaanfiilee imaammataa fi to’annoo eegalaman biyyii keenya
ariifachiisuu qabdii. A.L.A 2019 Alibaabaa Garee pilaatfoormii daldala
elektiroonikii addunyaatiin (eWTP) gara hojiitti galchuudhaaf sochiin
eegalame tarkaanfii murteessaa isa jalqabaa fi misooma hunda galeessaa
dinagdee diijitaalaa fi gabaa elektiroonikii Itiyoophiyaatti reefu jalqabaa
jiraniif akka ka’umsa waliigalaa ta’ee kan tajaajiluu dha. Kunis pilaatfoormii
daldala elektiroonikii Idil_Addunyaa, manneen kuusaa ammayyaawaa
bulchuudhaaf teekinoloojiiwwan diijitaalaa akkasumas kaffaltii
elektiroonikii fi sirnoota teekinoloojii kanneen kana fakkaatan daldala al-
ergii si’eessuuf fayyada. Mootummaa raawwii (eWTP) tiin muuxannoowwanii
fi barnoota argaman human dabalataa gabaa elektiroonikii taasisee
fayyadamuudhaaf mala hojmaataa bocuun isa barbaachisa. Dabalataanis

39
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

gamtaa poostaa Idil_Addunyaatiin gabaa elektiroonikii keessatti


qophaa’ummaa hojmaata poostaatiif uumuuf jedhamee ECom@Africa hojii
irra oole, tajaajila manaa gara manaa kennuuf sirna teessoo hojjatame ,
omishaalee adda addaa gabaan elektiroonikii bahaa Afrikaa irratti
raawwatame bitataadhaaf qaqqabuu isaanitiin dura giddu gala ittiin adda
baafamuu fi gurmeeffamu hundeessuuf sochooleen eegalaman hundi
biyyattiii keessatti sirna gabaa elektiroonikii hojii irra oolchuudhaaf bu’uura
kan kaa’anii dha.
Sadarkaa lammaffaatti hojmaanni gumurukaa Safisa hin qabnee fi baasii
ol’aanaadhaaf nama saaxilu raawwii daldala al-ergii Biyyaa fi naanoo
kenyaa keessumattuu daldala omishaalee maanufakchariingii irratti
dhiibbaa loojistikii adda duree taasifamee fudhatama. Teekinoloojiiwwan
diijitaalaa hojmaatiileen gumurukaa salphaa, saffisaa, iftoomina kan qabuu
fi beekamoo akka ta’an isaan taasisee jira. Sirna hooggansa gumurukaa
koompiyuutaraan hoogganame kan Karaa Koonfiransii daldalaa fi misooma
(Automated System for Custom Data (ASYCUDA) dhaabbata mootummoota
gamtoomanii (UNCTAD) tiin hojii irra oolfame duraa duuba hojmaataa
daldala al-ergii waliin walqabatan hunda intarneetiidhaan foddaa tokkoon
tajaajila kennuu kan dandeessisuu dha. Aplikeeshiniin ergitoonni daldala
al-ergii sochii daldala isaanii keessatti beeksisaa fi mirkeeffannaa
gumuruka waliin walqabatee raawwachuu qabaatan hunda ni
keessummeessu. ASYCUDA jijjiiramootaa fi fooyyeffamoota sirna daldalaa
keessatti teekinoloojii diijitaalaan argaman simachaa wayitaawaa taasisa.
Sagantaan kana fayyadamuun biyyaa fi naannoo keenyaaf faayidaa guddaa
kan qabu yoo ta’u keessumattuu Jibuutii sagantaa walfakkaataa
fayyadamtu waliin duraa duuba hojmaataa gumuruka waliin walqabatan
kan waldubbisan akka ta’an taasisa.
Tarkaanfiileen gochaa lamaan kanaa olitti ibsaman teekinoloojiiwwan
haaraa fayyadamuudhaan hooggansa hojii loojistiksiitiif furmaata
idil_Addunyaa kenna. Yaa ta’u malee furmaatiilee kana haala qabatamaa

40
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

biyyaa fi naannoo keenya waliin walsimsiisuudhaaf mala hojiin irra


deddeebiidhaan yaaluu fi sakatta’uu hordofuu barbaachisa.
Kunis kalaqa hojii teekinoloojiitiin aplikeeshiniiwwanii dhaabbilee fi
namoota dhuunfaa teekinoloojiiwwan haaraa reefu dhalachaa jiranii fi
haaraa ta’an karoorsaa jiranii fi aplikeeshinii fi qabiyyee qopheessan waliin
hojjachuu gaafata. Giddu gala hubannoo namtolchee fi roobootiksii
Yuunivarsiitii finfinneetti kalaqa hojii biyya keessaa kanneenis Biyyii fi
nannoon keenya raawwii sirna awutomeetid loojistiksiitiin adda duree akka
taatu teekinoloojii haaraa ishee dandeessisu akka karoorsan deeggaruu
danda’a. hubannoo namtolchee irratti dhaabbileen damee dhuunfaa
leeccaalloo isaanii dhangalaasan lakkoofsi isaanii dabalaa kan jiru yoo ta’u
kun immoo kalaqa awutomeetid roobootikii biyyaalessaatiif carraa uumaa fi
dirree loojistikii Itiyoophiyaa jijjiiruu irratti argama.

4.2.4. Hunda Qabeessummaa Mirkaneessuu


Hojjattootni dandeettii akka cimsataniif caalmaatti immoo dubartootni
naannawa warshaa egeree yaada keessa galfate fi hawwataa taasisuu.

Damichi adda durummaadhaan eegeree yaada keessa kan galche akka


ta’uuf leeccaalloo dhangalaasuu akkasumas bu’aa misoomaa gaarii
hojjattoota maddisiisan uumuu.

Guddina kana milkeessuudhaaf invastimantiiwwan taasifaman kanneen


qajeeltoowwan guddina dinagdee hawaasaa waliin walfakkaataa dha. Kana
hojii irra oolchuudhaan faayidaa kallattiin argachuudhaaf warshaaleen
caalmaatti bu’a qabeessa akka ta’an godhamuu qabu. Adeemsi kun biyyoota
birootti ilaalamee jira. (Kooriyaa Kibbaa Kangr2002 ilaalaa) fakkeenyaf Health
fi Mobarak qo’annoo taasisaniin carraa warshaatti qacaramuu argachuudhaaf
Baanglaadiishitti sadarkaa barnoota dubartoota fi dandeettii dubartootaa
haalaan cimsee jira. Sababa kanaanis booddeetti harkifatanii gaa’ela
hundeessuu fi dhala godhachuuf sababa ta’eera. Kun gama isaatiin dhaloota

41
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

ceesisuu fi bu’aalee dhiibbaa gaarii fidee jira. Ijoolleen haadholii umuriidhaan


bilchaatanii fi dinagdeedhaan of danda’an irraa dhalatan caalmaatti carraa
yeroo ijoolummaa fooyya’aa dabarsuu argataniiru.

Naannawa Paarkii Industiriitti Dhiyeessiiwwan Bu’uuraa Fooyyessuu:


Paarkiiwwan industirii fi bu’uuraalee misoomaa walqabatan babal’isuudhaan
mootummaan Nannoo oromiyaa tarkaanfii guddaa fudhateera. Wantoonni
fooyya’uu qabaatan A.L.A 2018-2019tti bal’inaan mariin irratti gaggeeffameera.
Manni jireenyaa gahaan hojjattootaaf ni barbaachisa. Dahoo fi eegumsi
amansiisaan dubartootaf ni barbaachisa. Iddoo hojii irraa gara manaa fi
mana gara iddoo hojiitti tajaajila geejjibaa qopheessuu fi keessumattuu
haala dubartootaaf mijataa ta’een dabaree lammaffaa fi sadaffaa eegaluu fi
hojii irra oolchuu barbaachisa.

Naannoo Keenya keessatti sadarkaan barnootaa gadi aanaa rakkisaa ta’u


illee bilisummaa fi kaka’umsa hojii hojjattootaatiif jijjiirama industirii
arfaffaadhaaf carra guddaa dha. Dameen kun itti fufiinsa qabaatee
jijjiirama gara fuulduraa dhufu waliin walsimee akka itti fufu mootummaa,
dhaabbilee omisha damee dhuunfaa fi dhaabbilee barnootaa gidduu mariin
taasifamuu qabaata. Tumsi mootummaa fi damee dhuunfaa gidduutti
taasifaman hanqinaalee muuxannoo jiran adda baasuuf fi leenjii gahaa
qabaachuun humni namaafedhii haaraa dinagdeen diijitaalaa fiduuf deebii
kennuu akkaataa dandeessisuun qophaa’uu qaba.

42
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

4.3. Kallattii Hoogganaa Oromiyaa Diijitaalaa

3: Tajaajiloota Teekinoloojiin Odeeffannoo Dandeessisaa itti


ta’e Ijaaruu
Guddinni dameelee
teekinoloojii
odeeffannootiin
deeggaraman carraalee
misoomaa xiyyeeffannoo
barbaadanii dha.

Dameeleen galma misooma


Oromiyaa waliin walsiman tajaajila
odeeffannoon teekinoloojii dandeessisaa irratti ta’e fi tajaajila teekinoloojii
odeeffannooti. Omisha teekinoloojii odeeffannoo irraa keessumattuu (jechuunis
meeshaalee koompiyuutaraa fi elektiroonikii omishuu) tajaajila kanneen
jedhaman misooma aplikeeshinii, saganteessuu (programming), qo’annoo
bu’uura misoomaa fi tajaajila sarviisii (fakkeenyaaf:Nageenya saayibarii) fa’a
dha. Tajaajilli teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa itti ta’e kallattiidhaan

43
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

teekinoloojii waliin kan hin argine ta’u illeen tajaajila kennuuf kan fayyadaman
garuu bu’uura misoomaa teekinoloojii odeeffannooti.

4.3.1. Haalota Ammee/wayitaawaa


Qonnaa fi industiriiwwan oomishaa waliin yommuu ilaalamu sadarkaa
Idil_Addunyaatiin tajaajiloonni teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa
itti ta’e faayidaan galii daldala al-ergii irraa argamsiisan gadi aanaa
dha.

Keessumattuu Itiyoophiyaa keessatti gaheen isaanii baay’ee xiqqaa dha. A.L.A


2019 qo’annoo sadarkaa jalqabaa gaggeeffameen adeemsaalee hojii
Itiyoophiyaa keessatti argaman dhaabbilee kanneen biroo irraa koontiraataan
fudhatanii dhaabbilee hojjatan (BPO-Bussiness Process Outsourcing)
lakkoofsaan baay’ee xiqqaa dha. Dhaabbanni guddaan hanga hojjattoota 50
kan qabu yoo ta’u dhaabbileen walfakkaataan Keeniyaatti hojjattoota 12,000,
Afrikaa Kibbaatti 58,000, Filiippiinsitti hojjattoota 575,000 qacaranii
hojjachiisu.

Haaluma walfakkaatuun Oromiyaa keessatti dhaabbileen dhuunfaa tajaajiloota


teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa itti ta’e irraa galii naannoof shoora
qaban baayinni isaanii kan hin beekame waan ta’ef muuxannoo biyyoota akka
Indiyaa irraa kan hubachuun danda’amu galii naannoo fi biyyaa gahee guddaa
waan qabuuf irratti hojjechuun barbbachisaa dha.

Itiyoophiyaatti damichi reefu jalqabbii irratti kan argamu ta’uu isaa waliin
walqabatee bu’uurri misoomaa hudhaa ol’aanaa dha.

Dameeleen tajaajilaa Idil_Addunyaa teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa


irratti ta’e baay’ee dorgommiidhaan kanneen guutamanii dha. Kanaafuu
walqunnamtiin maamila waliin taasifamu muudannoo waliin yeroo
walfakkaataa kan adeemuu fi amansiisaa ta’uu qabaatu. Dandeettii qunnamtii
(Connectivity) waliin walqabatee Itiyoophiyaa BPO’s tiin yeroo taateen itti

44
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

adeemsifamu waliin yeroo walfakkaataatti kan adeemsifamu hojjii (real-time)


onnatanii hin fuudhan (fakkeenyaaf Deeggarsa Yaadaa).

Qabeenya Namaa:-Jiraattooni magaalaa Itiyoophiyaa haala fooyya’een


kanneen baratanii dha. Baay’inni nama baratee magaalaa Finfinneetti hanga
dhibbeentaa 80 ni gaha. Dabalataanis bal’inni lafa Itiyoophiyaa biyyoota
Afrikaa kanneen biroo irraa giddu galeessaan dachaa hedduudhaan ni caala.
Kana jechuun namoota baratan, dargaggoota magaalaa keessa jiraatan
hojjiilee tajaajilaa Idil_Addunyaa teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa itti
ta’e irratti hirmaachisuudhaaf sirriitti misoomuu kan qabaatu ta’u illeen
sadarkaa lakkoofsaatiin dhiyeessiin humna namaa amansiisaadhaan jechuu
dha.

Baayyina uummata Oromiyaa

Ragaaa komiishinii karooraa Oromiyaa irraa argameen,Adoolessa bara 2010


A.L.I tti baayyinni ummata naannoo Oromiyaa 36,830,815 (18,243,570
dubartii) yoo ta’u, lakkofsi ummata baaadiyyaa 31,305,111 (15,530,692
dubartii), ummatni magaalaa ammoo 5,525,705 (2,712,878 dubartii) ta’uum
isaa beekameera.Walumaa galatti bara 2010 A.L.I ummata Oromiyaa keessa
%15.0 magaalaa keessa kan jiraatan yoo ta’u %85.0 ammoo baadiyyaa keessa
kan jiraatan ta’uu beekameera.

Haaluma walfakkaatuun,ummatni magaalaa Oromiyaa keessa jiran baadiyyaa


caalaa kan baratan ta’uu ragaa /daataan kan jirree ta’uu illee humna nama
baratee magaalotaa Oromiyaa keessaa jiru kan baadiyyaa Oromiyaa caalaa
fooyya’aa dha jedhamee amanama.
Lakkofsi ummata naannoo Oromiyaa lakkoofsa ummata Itoophiyaa keessaa
%34 ol kan ta’uu ragaaan komiishinii karoora Oromiyaa kanagarsiisu yoo
ta’u,bal’inni lafa Oromiyaa bali’inni lafa naannoolee 9 hafan hedduu isaanii
dachaa ta’a. Akkasumas biyyoota Afrikaa hedduu isaanii bali’naan kan caltu
ta’ee biyyoota Awurooppaa keessaa (France, Spain, Sweden, Ukraine and

45
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Russia) irraa kan hafe kanneen hafan bal’ina lafaa isheetiin Oromiyaa kan
caaltu ta’uu ragaaan kun ibseera.
Haa ta’u malee, bayyinni ummataa fi bali’na lafatiin Oromiyaan guddoo haa
tatu iyyuu malee dargaggoota baratanii tajaajiloota sadarkaa addunyaa
teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa itti ta’e irratti carraa hojii akka
argataniif amma iyyuu hojii guddaatu nu eeggata.

Sadarkaa imaammataatiin barattoonni yuunivarsiitii Itiyoophiyaa keessaa


bahan 70% saayinsii fi teekinoloojii irratti kan leenji’anii dha. Kun biyyoota
kanneen biroo akka Keeniyaa fi Naayijeeriyaa waliin yommuu madaalsifamu
carraa gaarii kan uumu ta’u illeen dargaggoonni Itiyoophiyaa eebbifamtootaa
hojjiilee intarneetii irratti hojjataman argachuun yommuu rakkatan ni mul’ata.
Garaagarummaan kun pilaatfoormiiwwan hojjii intarneetiidhaan (fakkeenyaaf,
Upwork and Fiverr) irratti ifaan ni calaqqisa. Itiyoophiyaa keessatti intarneetii
irratti bu’uureffate hangam akka ta’e baruudhaaf baay’ee rakkisaa dha.
Odeeffannoon madaalchisaan Yuunivarsiitii okisfoord akka agarsiisutti
hujeffannoo /pilaatform/ hojjii intarneetii irratti Itiyoophiyaanonni tajaajila
teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa itti ta’e ergan lakkoofsaan 1231 yoo
ta’an Keeniyaatti immoo lakkoofsi isaanii 36,442 qaqqabeera.

Akka naannoo Oromiyaattis namoonni tajaajila teekinoloojiin odeeffannoo


dandeessisaa itti ta’e hujeeffannoo/platform/ hojii toora interneetii irratti
argamu irratti ergan lakkoofsaan ragaaan/daataan hin jiru.

4.3.2. Haala Idil_Addunyaa


Yeroo intarneetiin bu’a qabeessaa fi saffisaa ta’utti dargaggootaa fi lammiilee
baratan guutuu addunyaatti qacartootaa fi hojjachiistota waliin akka wal
argan carraa bana. Kunis gabaa qabeenya hojjataatiif haala mijataa uuma.
Dirree saayibarii keessatti naannolee qunnamtiin intarneetii saffisaa fi
amansiisaan itti argamutti namni kamiiyyuu nama isa birootiif akkuma miiltoo
hojjii isa biratti argamuu dhiyoo dha.

46
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Hojiin idil-addunyaa intarneetiidhaan/marsariitiin deeggarame waggaatti


dhibbeentaa 26 guddachaa jira. Humni hojjataa gara caalu biyyoota
guddachaa jiran irraa yommuu ta’u hojjachiiftonni immoo biyyoota
badhaadhanitti kan argamanii dha. Gama birootiin hojjiileen koontiraataan
akka hojjataman kennaman adeemsa yerootiin karaa sooftiweeriitiin
awutoomeet taasifamaa kan jiran ta’uun isaa carraalee hojjii intarneetiidhaan
hojjachaa turan sodaa keessa galcheera. Karaa birootiin sababa guddina
galmaa’aa argamaniin carraaleen hojjii akaakuu haaraa intarneetiidhaan
hojjataman osoo addaan hin kutin uumamaa jiru.

Dameen idileen bakka bu’ummaa garee sadaffaadhaan (Bussines Process


Outsourcing) hojjatamu hojjiileen isaa muraasni awutoomeeshiniidhaaf kan
saaxilaman ta’u illeen kalaqaa fi hojjiilee haaraa miira namaa hubachuu
gaafatan irra garuu guddachaa kan adeemanii dha.

Tajaajiloonni haaraan teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa itti taasifame


irratti haalonni lakkuu lamaa mudachaa jiru. A) Hojjii intarneetii nama
dhuunfaa bu’uura taasifate, Intarpiraayiziiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa
addunyaa koompiyuutaraatiin gurmaa’an iddoo jiran ta’anii barreeffamoota
garagaalchuu, sanadoota gara foormii diijitaalaa jijjiiruu, hojjiilee gurgurtaa
iddoo jiran ta’anii intarneetiidhaan deeggarsa teeknikaa kennuu (hojjattoonni
sirnoota xixiqqaa intarneetiidhaan diriirfaman irra hojjatan naannawa gabaa
hojii saffisaan jijjiiramaa jiru keessatti haalota waliin of barsiisuun akka
danda’amu agarsiisaa jiru) fi B) hojjiin Kutaalee hawaasaa dhiibbaa dinagdee fi
hawaasummaatiin miidhaman fayyadamoo taasisu(Impact sourcing),
dhaabbileen Idil_Addunyaa bu’aa malee hojjatan ykn tajaajilli hawaasummaa
fedhii gabaa Idil_Addunyaa hojjii tajaajila diijitaalaa Afrikaatti dhiyaachuu
danda’u waliin qunnamtii taasisuu ni hojjatu. Carraa gaarii kana Itiyoophiyaan
galma misoomuu ishee milkeessuuf itti fayyadamuu ni dandeessi.

Tajaajiloota daldalamuu danda’an:- teelekoominikeeshinii, inshuraansii,


baankii, aveeyishin, turiizimii, tajaajila teekinoloojii odeeffannoo fi

47
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

tajaajila teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa itti ta’ee kan hammatee


dha. Tiraanisfoormeeshinii Itiyoophiyaa hunda qabeessa, hojjii kan uumu,
sharafa alaa kan maddisiisu taasisuun wixineessuuf akka galma qabatte
ilaalchisee dameeleen nuusaa muraasaa humna ol’aanaa qaban akkasumas
yeroo gabaabaatti raawwatamuu danda’an ni argamu. Abjata dhugaa (Virtual
Reality) teekinoloojii fi teekinoloojiin wal-quunnamtii saffinaan fooyyaa’aa dhufan irraa kan
ka’e gufuuwwan daldaloota Idil_Addunyaa ni dhabamsiisa.

Kun kanaan dura walqunnamtii kallattii qaamaa ni gaafata ture. Bu’aa


isaatiinis tajaajila biiznasii qindaa’aa, tajaajila gorsaa hooggansa hojjii fi
madaalchisanii murteessuu amala namaa waliin walqabatanii fi carraalee
haaraa miira namaa hubachuu (Roobootiiwwan salphaatti rawwachuun kan
isaan rakkisu) gaafatanii dha. Waldorgomsiisuudhaan kaffaltii hojjattootaa
gadi aanaa jechuun Biyyoonni guddachuu irratti argaman sadarkaa
qajeeltootiin tajaajiloota humna namaa irratti xiyyeeffatan kanneen gara alaatti
erguu ni danda’u jechuu dha. Dameen kun hojjattoota dubaraa lakkoofsa
madaalawaa hin taane qaban qacaree hojjachiisaa argama. Tajaajiloonni
teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa itti ta’e kunneen dirree bal’aa kan
haguuganii fi walxaxaa dha.

4.3.3. Carraawwan Gaarii Milkaa’ina


Galmeessisuu Ittiin Danda’amu

Cimdiin Dhimmoota Sadii Oromiyaa/Itiyoophiyaadhaaf Damee Kana


Filatamaa Akka Ta’an Ni Taasisa

i) Fedhii:-Hojjii fi jiruun addunyaa diijitaalaatiin adeemsaan liqimfamaa


yommuu adeeman fedhiin tajaajila diijitaalaa Idil_Addunyaa bifa
idilee ta’een guddachaa adeema. Tajaajila haaraa fi idileen karaa
intarneetiitiin addunyaa irratti iddoo kamiiyyuu ta’uudhaan
argachuun ni danda’ama. Tajaajiloota kanneen keessaa hiikkaa,
barreeffamaa fi sirreessuu/sororuu, marsariitii/sududa, deeggarsa

48
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

teekinoloojiidhaan fageenya irraa taasifamu fakkiiwwan ibsa


gabaabaa waliin firoomsuu ykn miidiyaalee hawaasaa bulchuun
keessatti argama.
ii) Dhiyeessii:Yeroo ammaa Itiyoophiyaa fi biyyoota miseensa
walta’insa/tumsa dinagdee fi misoomaa (OECD) gidduu
garaagarummaan galii jiru dacha shantamaan walcaala. Biyyoonni
Afrikaa baay’een dinagdee biyya keessaa gadi aanaa fi haalota sirna
ummataa mootummoonni eebbifamtoota yuunivarsiitii hunda
ogummaa isaanii irratti bobbaasuudhaaf dinagdeen isaanii hin
heeyyamu. Kana jechuun barattoonni yuunivarsiitii Itiyoophiyaa
madda galii filannoouumuuf carraaquu akka qabaatan kan akeekuu
dha.
iii) Fedhii fi Dhiyeessii Araarsuu:-hanguma intarneetiin saffisaa
amansiisaa ta’aa adeemuun Itiyoophiyaanonni baratanii fi gatiidhaan
dorgomta ta’an namoota dhuunfaa dureeyyii fi kubbaaniyyawwan
handaara addunyaatti argamanii fi kutaa hojjii isaanii muraasa
fageenyaan koontiraataan kennanii hojjachiisuu barbaadan waliin
akka wal qunnaman taasisa. Haalli kun humna hojjataatiin gaba
argamsiisuudhaan carraa gaarii addaa uuma.

Hojjiiwwan damee kanaan uumaman jalqaba irratti muraasa dha,


garuu saffisaan guddatu.
Tajaajiloonni teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa itti ta’e ammas
dameelee gumaacha baay’ee gadi aanaa qabanii dha (Hindiitti
dabalatee). Sooftiweeriiwwan hojjiilee BPO awutoomeet
taasisuudhaan carraalee hojjii kanaan dura turan dhiphisaa argamu.
Gama birootiin hojjiileen haaraa ibsa adda addaa qaban immoo osoo
addaan hin kutin gara gabaatti dhufaa argamu. Kana jechuun
hojjiileen idileen tokko tokko awutomeetidiidhaaf kan saaxilaman yoo

49
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

ta’u carraaleen hojjii haaraa kanneen biroo hedduun immoo kallattii


birootiin ni uumamu.
Dameeleen tajaajila teekinoloojiin odeeffannoo dandeessisaa itti
ta’e kan akka turiizimii, kalaqa ogummaa fi TQO bu’a qabeessa
ta’an magaalaa kan bu’uureffatanii fi digirii yuunivarsiitii
kanneen qaban kan barbaadanii dha. Dameen kun qonnaa fi
industiriiwwan omishaa salphaa waliin yommuu ilaalamu ka’umsa
irratti hirmaachisummaan isaa xiqqaa dha. Kanaafuu tarsiimoon
tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa kun damee kanatti galuudhaaf
sadarkaan barnootaa daangessaa akka hin taane fi karaa digirii
yuunivarsiitii hin qabnes irratti hirmaachuu danda’an qopheessuuf
sadarkaadhaan tarkaanfii qabatamaa fudhatamuu qabaatan akeekee
jira.
4.3.1.1 Giddu Gala Dandeettii Kennaa Ol’aanaa Qabaniif Bu’uuraalee
Misoomaa Guutuu
Hojjiin intarneetii irraa iddoo ji’oogiraafii tokko irratti hojjii fi fedhii
walfakkaataa kanneen qaban walitti sassaabaa adeema. Muuxannoo
irraa akka ilaalame hojjiin intarneetii irraa namoota hedduu kan
hirmaachisuu fi waldeeggaruu kan jajjabeessu waan ta’eef adeemsaan
iddoo tokko irratti walgahuu hordofsiisaa adeema. Biyyoota akka
Keeniyaa jiraniif handhuura jalqabbii hojjiilee intarneetii taasifamee kan
fudhatamu iddoowwan mooraa yuunivarsiitii irraa fageenya muraasaa
irratti argamanii dha. Kalaqaan hojjii intarneetii irraa inni jalqabaa kan
uumame A.L.A 2010 kaaba Naayiroobiitti kan argamu Yuunivarsiitii
Keeniyaatti gamoo jireenya barattootaa Kaahaawaa jedhamee waamamu
keessatti dha. Achi irraa ka’ee gara Yuunivarsiitiiwwan keeniyaa
kanneen birootti keessumattuu gamoo jireenyaa barattoota Yuunivarsiitii
naayiroobiitti argamuu keessatti wantoonni walfakkaataan uumaman.
A.L.A 2018 kilaastaroota intarneetii Naayiroobii iddoowwan adda

50
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

addaatti itti aansee guutuu Biyyattiiitti iddoowwan yuunivarsiitiitti


dhiyaatanitti tamsa’anii hojjachuu itti fufan.
Hojjiilee intarneetii irraa babal’isuudhaaf naannawa Yuunivarsiitiiwwan
filatamanitti bu’uuraalee misoomaa babal’isuu.
Itiyoophiyaan/Oromiyaan dhimmoota filataman irratti deeggarsa addaa
taasisuudhaan muuxannoo bu’a argachuu qabdi (fakkeenyaaf:
industiriiwwan omishaa, damee daldalaa fi omisha habaabootti). Haala
walfakkaatuun dhaabbilee dursi isaaniif kennameef bu’uuraalee
misoomaa qunnamtii babal’isuudhaan milkaa’ina galmeessifteetti
(fakkeenyaaf Waradanet). Hojjiin intarneetii irraa doormiiwwan jireenya
barattoota yuunivarsiitii irraa madduu ni danda’a yaada jedhuun
intarneetiin yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa walqunnamsiisu (EtherNET)
damee kana si’eessuudhaaf hojjii irra oolee jira. Dhaabbileen barnoota
ol’aanaa 36, yuunivarsiitiiwwan siivil sarviisii, yuunivarsiitii ittisaa fi
kotobee maatroo pooliitaan dabalatee tajaajila intarneetii saffisaa,
amansiisaa fi gatii madaalawaa qabu akka qabaatan taasisuuf
carraaqqiin taasifamaa jiru hojjii intarneetii irraa Itiyoophiyaatti
dhugoomsuudhaaf ni gargaara jedhamee amanama.
Giddu-gala Bizines Inkubeeshinii TQO Yuunivarsitii Bu’uureeffate
Hundeesuu (University Based ICT Business Incubation Center)
Naannoo Yuunivarsitootaa fi kolleejjota Oromiyaa keessa jiranitti
tajaajiloota teekinoloojii odeeffannoo dandeessisaa itti ta’e dargaggootaa
beekumsaa fi dandeettii qaban akka misoomsanii addunyaa irratti
dorgomoo ta’aniif hojii hanga ammaatti hojjetame baayyee xiqqaa
dha.Fakkenyaaf deggersa Ministeera TQO (MCIT) duraaniitiin giddu galli
bizines nkubeeshinii TQO (ICT Business Incubation Center) magalaa
Adaama irratti waggoota 10 dura hundeeffame hanga barbaadame
kayyoo hundeeffameef galmaan hin geenye.Sababni isaa ogeessonni
dandeettii kalaquu qaban yeroo seenana turtii isaaniitiif deggersi ykn
qaamni ispoonsara godhu waan hin jirreef utuu hin eebbifamin addaan
kutu.Kun ammo bu’aa gabaa keessa galanii akka hin fayyadamneef
51
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

dameen tajaajiloota TQOn dandeessisaa itti ta’e daran akka hin


babal’anne fi carraa hojii beekumsa irratti hundaawe akka hin
uumamneef gufuu guddaa ta’eera.
Kanaafuu,rakkooleen armaan olii giddu gala bizines inkubeeshinii
Adaamaa irratti mudachaa turan akka furamaniif karoora tarsiimoo
qopheessuun magaalota Oromiyaa ol’aanoo bakka Yuunivarsitonni
hundeeffamanii jiranitti giddu gala bizines inkubeeshinii TQO
hundeessuun dargaggoota dandeetti kalaquu fi appilikeeshioota
misoomsanii sadarkaa addunyaa irratti durgomoo ta’an horachuun ni
danda’ama.

4.3.4. Hunda Qabeessummaa Mirkaneessuu


Kennitoota Tajaajilaa Kutaalee Hawaasaa Dinagdeedhaan Miidhaman itti
Fayyadaman Dhiyeessan (ISSP-Impact Sourcing Service Provider) Sadarkaan
dinagdee fi hawaasummaa hojjattoota akka ol ka’u taasisuuf fi hanqina
sirna saalaa guutuudhaaf shoora dandeessisummaa ni qabu .ISSP gurguddaa
fi xixiqqaa hedduun kallattii hojjiilee intarneetiitiin modeela piraamidii isa kam kan
hordofanii dha. Caalmaatti dargaggoota digirii sadaffaa qaban irratti kan
xiyyeeffatan yoo ta’u carra skoolaarshiippii isaaniif mijeessu ykn koontiraata hojjii
waggaa 2-3 waliin leenjii gabbisa muuxannoo kennuudhaan tajaajila damee
dinagdee idileetiif akka qophaa’an akka riqichaa ta’anii ni tajaajilu. ISSP kanneen
biroo xiyyeeffannoon addaa irratti kennamu qindoomina kan hin qabne yoo ta’u
digrii yuunivarsiitii kanneen qabanis ni simatu. ISSP hedduun qajeeltoo
kootaadhaan hammatamuu dubartootaa cimsanii ni raawwatu (fakkeenyaaf
gaheen xiqqaan dubartootaa saamaasoors (Samasource) dhibbeentaa 55 dha).
Hojjattoota Carraa Barnootaa Hin Argatiniif Hojiileen Diijitaalaa Bu’uuraa
Banaa Dha.
Muuxannoo bu’uuraa hojjiidhaaf barbaachisaa ta’e hojjachaa akka leenji’an
ni taasifama. Hojiilee kanneen keessaa inni tokko fakkiiwwan omisha irratti
maxxansuu ta’uu danda’a. kanaafuu “hojjachaa barachuu” gareewwan
carraa barnoota idilee hin argatiniif muuxannoo diijitaalaa bu’uuraatiin
akka badhaadhan ni gargaara.

52
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Hojjattoota intarneetii irratti hojjataniif Modeelli dahoo fi eegumsi ittiin


taasifamu itti yaadamuu qabaata.
Yeroo ammaa modeeliiwwan marii irratti argaman lama ni jiru i) Hojjii
loogummaa hin qabne: kun omishaalee qonnaa irratti “daldala loogummaa
hin qabne” jedhamee akka maxxanfamu sadarkaa dirqamsiisu waliin
walfakkaataa dha. fi ii) Hojjii gamtaa:hojjattoonni karaa intarneetii hojjatan
gamtaadhaan “hojjii loogummaa hin qabne” waltajjii daldalaa jedhu
uumuudhaan walgargaaruu fi qunnamsiistota bu’aadhaaf hojjatan waliin
dorgomuu barbaachisa. Dhaabbileen kana fakkaataN Itiyoophaafis
hojjattoonni intarneetii irra hojjatan sagalee waltumsu akka qabaatan fi
qaamolee qooda fudhattootaa adda addaa waliin karaa gurmeessitootaan
giddu galaan qunnamuudhaaf isaan dandeessisa.
Hujeeffannoo/Pilaatfoormiiwwan Maallaqa Mobaayilaa fi Taaksii
Tajaajilaaf Waamuu Dinagdee al-idilee keessatti baasii waljijjiirraa kan
hir’isan yoo ta’u omishitummaas ni guddisu.
Dameen al-idilee hojjattoota baadiyyaa hedduu, qonnaan bultoota qabiyyee
gadi aanaa qabanii fi hojjattoota yeroo dabalata. Hojjattoota idileen ala ta’an
kanneen dinagdee idilee fi gabaa waliin qunnamsiisuu. Hunda
qabeessummaa caalmaatti ni guddisa. Dabalataanis qunnamtiiwwan
kunneen hojjattoota kanaan dura hin hammatamne gara kutaalee dinagdee
idilee akka ce’an bu’uura ni ta’a. Hojjiilee idileetiif carra qofa osoo hin taane
faayidaalee eegumsa hawaasummaa kanaa ol jiraniifis carraa bana.

53
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

4.4. Kallattii Oggansa Diijitaalaa 4.


Diijitaalaayizeeshinii Hojiirra Oolchuun Turiizimii
Guddisuu
Dijitaaliin dorgomaa ta’uu turiizimii fooyyessuu fi caasaa Cancala damichaa
irratti jijjiirama uumuuf gargaara. Oromiyaan hawwata turiizimii uumamaa fi
aadaa hedduu waan qabduuf turiizimiidhaaf mijattuu dha. sababoota imalaa
yaada keessa galchuudhaan turiizimiin iddoo saditti qoodama,
i) Turiizimii Bashannanaa: yeroo boqonnaa fi ayyaanotaa gochaalee
bashannanaa akka spoortii, imala amantii,
ii) Turiizimii Daldalaa:-daldalaaf imala taasisuu fi dhimmoota hojiitiif (fakn:
walgahiiwwan, jajjabeessituuwwan/badhaasa, koonfraansii fi agarsiisa adda
addaa)
iii) Turiizimii Fedhii Addaa Kan Biroo: Fedhiiwwan adda addaa
bu’uureffachuudhaan ykn faayidaa fi tajaajila addaatiif (fakkeenyaaf: tajaajila
barnootaa, wal’aansaa, turiizimii naannawaa/eco-turism) argachuudhaafi.
Diijitaalaayizeeshiniin adeemsa teeknoloojii fi hoggansi daataa jiruu, haala
hawaasummaa fi sirna dinagdee itti jijjiiruudha.Teeknoloojii diijitaalaa
madaqsuun guddina teeknoloojii fi qunnamtii hawaasummaa fi dinagdee sirna
gilobaalaayizeeshinii faana bu’uu gaafata. Diijitaalaayizeeshiniin kalaqa
jajjabeessuuf, dinagdee maddisiisuuf, oomishtummaa dabaluuf(seektara
turizimii idil-addunyaa dabalatee) gahee olaanaa qaba. Fakkeenyaaf qorannoon
Awustiraaliyaatti gaggeeffame akka agarsiisutti, dijitaala fayyadamuun
walumaagalatti daldala xixiqqaa torbanitti sa’aa 10 hojjetan kan
dandamachiisu(kanneen hojjetaa 0-19 qaban) fi galii isaanii 27% kan
dabaluudha(ANZ, 2018).

Qorannoon Gamtaa Awurooppaan gaggeeffame akka mul’isutti teeknoloojii


diijitaalaa fayyadamuun guddina damee turizimii daran kan olkaasu ta’uu
isaati. Fayyadamtootni itti fufiinsaan teeknoloojii diijitaalaa haala deemsa
isaanii ittiin barbaadanii hubachuuf, karoorsuu fi daawwii galmaa’uuf itti
dhimma ni ba’u(Dredge et al., 2018).

54
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Waldaaleen Maayikiroo Xixiqqaa naannoo keenyaa teeknoloojii diijitaalaa


haalaa guutuu ta’een fayyadamuu baatanis, tiraanisfoormeeshiniin diijitaalaa
har’as ta’ee boru, turizimii irratti dhiibbaa guddaa ni qabaata.
Fooramiin Dinagdee Addunyaa(World Economic Forum, 2017) A.L.A bara
2025tti diijitaalaayizeeshiniin damee turizimii qofti galii biliyoona $305 kan
argamsiisu ta’uu akeekaniiru.

4.4.1. Haala Wayitaawaa/Ammee


Industiriin turiizimii Oromiyaatti guddina saffisaa turiizimii bashannanaa fi
turiizimii biizinasii irraa kan ka’e hedduu babal’achaa kan jiru ta’us,hanga
har’aattis humna guutuu hin fayyadamne.
A.L.A 2017 baay’inni tuuristiiwwan Idil_Addunyaa Itiyoophiyaa gahumsa
godhatanii 933,000 kan qaqqabe yoo ta’u A.L.A 2007 eegalee waggaa
waggaadhaan giddu galeessaan dhibbeentaa 13’n guddachaa jira. Biyyoota
Afrikaa kanneen biroo Sahaaraa gadi jiraniin olitti ariitii dhibbeentaa 7.3’n
guddachaa jira. Guddinni kun qunnamtii balallii xiyyaaraa fooyya’aa
naannawatti qabdu, hawwata turiizimii gabbatee fi hambaalee qaqqabamoo 9 fi
hin qaqqabamne 4 yuuneeskoodhaan galmaa’an waliigala hambaalee 13 waliin
walqabatee akka ta’e ni amanama. Irra caalaatti turiizimiin bashannanaa
waggoottan kurnan darban keessa waggaa waggaadhaan guddina dhibbeentaa
15 galmeessisaa jira.
Kunis akkuma eegametti ta’ee Turiizimiin bashannanaa Itiyoophiyaatti
Biyyoota sahaaraa gadi jiran kanneen biroo waliin yommuu dorgomu duubatti
kan hafee dha. Itiyoophiyaan turistiiwwan bashannanaa gara Biyyoota
sahaaraa gadii dhufan keessaa kan simatte dhibbeentaa 2 qofa dha. kunis kan
ta’e Itiyoophiyaan ummatoota Afrikaa Sahaaraa gadi jiran keessaa dhibbeentaa
9 of keessatti qabatteeti. Qabeenya turiizimii Itiyoophiyaa keessatti argamu
ilaalchisee hubannoon muraasni waan jiruuf turistiiwwan hedduun
iddoowwan biroo akka filatan sababa ta’eera. Dabalataanis turistiiwwan
dhimma daldalaatiif gara Itiyoophiyaa dhufan 18% qofa yoo ta’u, gama
birootiin Keeniyaatti 33%, Taanzaaniyaatti 44% fi Ruwaandaatti 70% dha.
Gaheen imala daldalaa gadi aanaan Itiyoophiyaa keessatti kan uumame
dameen dhuunfaa cimaa fi naannoon daldalaa mijataan waan hin jirreefi dha.
55
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Dabalataanis A.L.A 2016-18 Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa kanneen biroo


irraa jechuunis Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa fi Ruwaandaa waliin yommuu
ilaalamtu taateewwan Idil_Addunyaa keessummeessite muraasa dha. Sababni
isaatis dorgommiidhaan iddoon qubannaa mi’aa’aa fi qulqullinni kan itti
hir’ate, hojjattoonni simannaa keessummaa irratti sirnaan kan hin leenjinee
dha. Dabalataanis bu’uuraaleen tajaajilaa qulqulluun kan hin guutamin yoo
ta’u fakkenyaaf bishaan, tajaajila mana fincaanii fi Hospitaalonni kana waliin
walqabatanii ni ka’u. Kana malees bu’aa turizimii irraa argamuu malu daran
dabaluuf haala turistootni biyya keessaa(lammiileen Itoophiyaa) iddoowwan
hawwata turizimii naannoo keenyaa sirritti itti daawwatan mijeessuun
barbaachisaadha. Kana dhugoomsuuf aadaa daawwannaa keenyaa
jajjabeessuu fi duulaa fi beeksisa irra deddeebiin karaa miidiyaa
elektiroonikaas ta’ee midiyaa biroo fi qaamaan gaggeessuun murteessaadha.
Rakkoolee diijitaalaa ilaalchisee fakkeenyaaf tajaajila intarneetii
qulqullina isaa eeggatee fi odeeffannoo turiizimii sirriitti qabachuu
dhabuun guddina turiizimii irratti dhiibbaa guddaa geessisa. Damicha
fooyyessudhaaf wantoota ijoo fi wantoota xixiqqoo duguuganii baasuuf
haguuggiin dinagdee diijitaalaa dhimmoota walqabatan arfan jechuunis
bu’uura misoomaa, sirna si’eessaa, aplikeeshiniiwwanii fi sirna sirnakkoo
bal’aa/broader ecosystem dinagdee diijitaalaa kanneen ijaaranii dha.
Jiraachuun hanqinaalee wantoota kanneenii industirii turiizimii gara
diijitaalaa jijjiiruuf rakkisaa isa taasisa. Kun immoo guddina turiizimii ni
quucarsa. Kanneen keessaa qaamoleen qooda fudhattootaa qormaatilee
hanqina bu’uura misoomaa adda durummaadhaan ni dhiyeessu. Goolabni
dhiibbaawwan kanneenii akkaataa kanaa gadiitiin dhiyaata.

 Bu’uura Misoomaa: Gahumsi Turiizimii idileen tajaajila intarneetii


qulqulluu waan hin qabneef tuuristootni odeeffannoo gahaa naannawa
baadiyyaatti hin argatan. Kunis miidiyaalee hawaasaatiin kan argan
battalatti akka hin qoodne, do’ii dirree (geo-tagging) akka hin goonee fi
teekinoloojiiwwan ammayyaawaa kanneen biroo akka hin fayyadamne isaan

56
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

taasisa. Qunnamtiin intarneetii muraasni odeeffannoo wayitaawaa akka wal


hin jijjiirree fi yeroo balaa qunnamtiin akka hin jiraanne taasisa. Kun
immoo tuuristoota balaadhaaf saaxila.
 Sirna Dandeessisaa:sirnoonni kaffaltii diijitaalaa raawwachuuf
dandeessisan xiqqaa dha. ATM fi iddoo gabaa qinixaabootti maashinoonni
kaffaltii gahumsa/destination/ turiizimiitti muraasa dha. Dabalataanis
qaamolee qooda fudhattootaa gidduu haguuggiin odeeffannoo
waljijjiiruudhaaf dandeessisan jiraachuu dhabuu, odeeffannoo turiizimii
ilaallatu cimsuun gahumsaa fi tajaajila tuuristii guddisuudhaaf tarsimoo
dandeessisu wixinessuun akka danda’amu taasisee jira.
 Aplikeeshiniiwwanii fi Tajaajiloota: Gahumsi tuuristii idileen odeeffannoo
tuuristii gahaa waan hin qabneef gabaa diijitaalaa fayyadamuu waliin
walqabatee bu’a qabeessa miti. Haalli tuursitootaaf odeeffannoo mijataa
harkaan gahuuf dandeessisu hin uumamne. Dhaabbileen muraasni qofti
tajaajiloota karaa intarneetiitiin kennuu irratti argamu. Kun immoo
odeeffannoowwan turiizimii tuuristoonni barbaadan akka hin arganne
danqaraa uumee jira. Dabalataanis aplikeeshiniiwwan tajaajila tuuristii
muraasa. Fakkeenyaaf dhaabbilee tajaajila kiraa konkolaataa fi taaksii
elektiroonikii kennanii fi dhaabbileen tikkeettii elektiroonikii gurguran
muraasa ta’uun isaanii turtii tuuristiiwwanii irratti dhiibbaa geessisee jira.
 Sirnakkoo/Ecosystem: Intarpiraayiziiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa
damee turiizimii hanqina muuxannoo diijitaalaa qabu. Hojjattoonnis sochii
hojii baay’ee keessatti dijitaala fayyadamuudhaaf kaka’umsi isaan irratti
hin mul’atu. Dhaabbileen hojii turiizimii irratti bobba’an deeggarsa
faayinaansii gahaa waan hin qabneef fedhii gabaa industirii turiizimii
diijitaalaayiz ta’een akkaataa dandeessisuun tajaajila isaanii yommuu
babal’isanii fi fooyyessan hin mul’atan.
 Seektarri turizimii odeeffannoo guddaa kan barbaadu yoo ta’u kunis
tajaajiloonni turizimii hedduun diijitaalaayizeeshiniif mijatoo ta’uu mul’isa.
Diijitaalaayizeeshiniin waldaalee maayikiroo fi xixiqqaa(SMEs) keessatti

57
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

baay’ee barbaachisaadha. Kunis IMX’n(SMEs) dhiyeessii tajaajiloota


turizimii %85 ta’u kan dhuunfataniidha(fkn:-tajaajila dhugaatii fi nyaataa,
ejansiiwwan imalaa)
Gabatee 1.1 Gufuuwwanii fi Carraalee Tiraanisfoormeeshinii Diijitaalaa Waldaalee Maayikiroo fi Xixiqqaa Turizimii

Dhimma Gufuu Carraa


Uptake of/Teeknoloojii Hanqinni qaqqabamummaa bu’uuraalee Kalaqnii fi maamileeffamuun oomishaa, tajaajilaa
Guddisuu diijitaalaa diijitaalaayizeeshinii duubatti harkisa fi muuxannoo itti quufinsa maamilaa ni dabala
Hanqinni jiraachuu dhabuu bu’uuraalee Daballiin qunnamtii gaarii kalaqa, gabaa,
telekoomii sochii bizinasii duubatti ni harkisa oomishaa fi tajaajila ni cimsa
Hanqinni intarneetii daawwattootni muuxannoo
akka hin qoodne taasisa.
Qaqqabamummaa Hanqina kaappitaalaa ykn omishaalee liqii Kaka’umsi fandii qindaa’aa baasii jalqabaa fi
Leecalloo argachuuf beekamtii dhabuu/Lack of access to sodaa jiru ni xiqqeessa
capital or eligibility to apply for traditional loan Deeggarsi imaammataa bakka teeknoloojiin
products yaalamutti, baasiin waliin qoodamuttii fi
Dandeettii fi ogummaa dhabuu, dandeettii walqunnamtiin guddatutti jiraachuu/Policy
guddifachuufis ta’ee leenjii argachuuf hanqinni supports where technologies can be trialled,
deeggarsa leecalloo jiraachuu costs shared and network support developed
Waljijjiirraa Raawwattoota irra deebiin gurmeessuu- Sagantaan qindaa’aan yunivarsitoota dhaabbilee
Odeeffannoo, Barachuu raawwattoota fuulduraa muraasaa fi fedhiin bizinasaa fi mootummaa waliin dhimma
fi Qorannoo ogummaa TQO guddachuu/Restructuring of tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa irratti akka
workforce – fewer frontline jobs and demand for hojjetan ni jajjabeessa.
ICT expertise growing Teeknoloojiin qophii karoora bizinasii daataan
Fedhiin ogummaa haaraa jiraachuu dhabuu fi deeggaramee ni cimsa.
IMX’n jiran eksipartootaa fi gorsitoota qaxaruuf
leecalloo dhabuu
Kalaqa Bizinasii Modeelli bizinasii, aadaa fi barmaatileen fedhii Inkubeetarootni qindoomina teeknoloojii fi
tiraanisfoormeeshinii seera eegumsa daataa fi kaampanii turizimii gidduutti jajjabeessan
ulaagaalee dhuunfaa hudhaa sassaabbii,xiinxallii baniinsa kalaqaa ni fooyyessa.
fi kuufama daataa ni jabeessa Xiyyeeffannoo teeknoloojii imalaa irratti gochuun
adeemsa jalqabdootaa fi turizimii waliigalaaf ni
fayyada
Yaadama Sodaa fi Teeknoloojii fi baasiin walqabatee bu’aa Pirojektiiwwan bu’a qabeessummaan isaanii
carraawwanii shakkamaa, sodaan hin beekamne jiraachuu mirkanaa’e faayidaa diijitaalaa sirritti agarsiisuun
Fedhiin raawwii guyyaa guyyaan taasifamu hubannoo gama kanaa ni cimsa
dhimmoota tarsiima’oo irraa maqsuu fi dhiibbaa Murtoon wayitaawaa fi ragaaa irratti hundaa’e
yeroo irratti fiduu daataa sassaabamee fi xiinxalame
bu’ureeffachuun ni kennama
Madda: OECD country survey results; Dredge et al., (2018); Gamtaa Awurooppaa (2016).

“Biiroon Aadaa fi Turiizimii” industirii turiizimii jijjiiruudhaaf aangoon kan


isaaf kenname yoo ta’u dijitaalli industirii turiizimii guddisuudhaaf furtuu
ta’uu isaa hubatee jira. Yeroo itti aanuuf “Biiroon Aadaa fi Turiizimii”

58
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

muuxannoowwan guutuu addunyaa irraa fi biyya keessaa argaman walitti


fiduudhaan industirii turiizimii dijilaataayiz taasisuuf tarkaanfiilee
dandeessisan fudhachuuf qophii dha.

4.4.2. Haalota Idil-Addunyaa


Waggoottan dhiyootti oomisha biyyaalessaa waliigalaa olitti turiizimiin guddina
waan agarsiiseef misooma hawaasaa fi dinagdeetiif gumaacha ol’aanaa taasisee
jira. Waggoottan kurnan darban turiizimiin gumaachi oomisha biyyaalessaa
waliigalaatiif qabu waggaa waggaadhaan giddu galeessaan 4% guddatee jira.
Yeroowwan kanaan guddinni giddu galeessaa guutuu addunyaatti argame
3.2% dha. Dabalataanis lakkoofsi tuuristiiwwan Idil_Addunyaa A.L.A 2010-
2018 giddu galeessaan dhibbeentaa 5 waggaa waggaadhaan guddina
argamsiiseera. Kunis yeroo walfakkaataatti guutuu addunyaatti waliigalaan
kan mul’ate 1.2 % waliin yommuu ilaalamu kan Itiyoophiyaa saffisaan kan
guddate ta’ee galmaa’eera. Turiizimiin dinagdee addunyaaf shoora ol’aanaa
gumaacha. Kunis oomisha waliigalaa addunyaa irraa dhibbeentaa 10 ni ta’a.
Dabalataanis turiizimiin carraalee hojii baay’ee ni bana. Carraalee hojii
addunyaa irratti argaman keessaa gaheen damee turiizimii dhibbeentaa 10 ni
gaha. Faayidaalee qabatamaa kanneeniin ol turiizimiin waljijjiirraa aadaa,
qunnamtii idil addunyaa, nagaa fi nageenyummaa ni jabeessa.
Biyyoota Afrikaa sahaaraa gadi jiranitti turiizimiin kutaalee addunyaa kanneen
biroo waliin yommuu ilaalamu gadi aanaa yoo ta’u, Itiyoophiyaanis gitoota
ishee waliin wayita ilaalamtu dorgomaa ta’uun ishee gadi aanaa dha.
Biyyoonni sahaaraa gadi jiran waggaatti guddina dhibbeentaa 7.3 damee
turiizimii idil addunyaatiin argamsiisaniiru. Biyyoota hundatti guddinni
ol’aanaa waggoottan muraasa darban ilaalameera. Yaa ta’u malee Biyyoota
sahaaraa gadi jiranitti lakkoofsa tuuristii addunyaa waliigalaa irraa
dhibbeentaa 3 qofatu gara Biyyoota kanneenii dhufa. Garuu naannoon kun
iddoo ummanni addunyaa dhibbeentaa 14 keessa jiraatuu dha. Sanada
Fooramii Dinagdee Addunyaa irratti akka ilaalameen akeektuun
dorgomummaa turiizimii biyyoota sahaaraa gadi jiranii naannoo addunyaa
59
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

hunda waliin yommuu ilaalamu baay’ee gadi aanaa dha. Biyyoota sahaaraa
gadi jiran keessaa Itiyoophiyaan dorgomummaa turiizimiitiin sadarkaa 18ffaa
irratti argamti. Kunis Biyyoota Afrikaa Bahaa kanneen biroo waliin yommuu
ilaalamtu Keeniyaa (sadarkaa 5ffaa), Taanzaaniyaa (sadarkaa 8ffaa) fi
Ruwaandaa (sadarkaa 10ffaa) waliin yommuu ilaalamtu gadi aanaa dha.
waggoottan muraasa darban dorgomummaa turiizimii ishee guddisuuf
kutannoodhaan kaateerti. Kanaanis A.L.A 2025 tarree biyyoota gahumsa
turiizimii adda duree shananiitti makamuudhaaf karoorsiteerti.
Biyyoonni Addunyaa Irratti Argaman Dorgomummaa Turiizimii Isaanii cimsuuf
Teekinoloojiiwwan Diijitaalaa Bal’inaan Fayyadamuu Irratti Argamu. Akkaataa
gabaasa akeektuu misooma ICT gamtaa teelekoominikeeshinii addunyaatti
dorgomummaan turiizimii biyyootaa fooyyeffama misooma diijitaalaatiin
mul’atu waliin kan adeemuu dha.
Dhiibbaa Akeektuu Dorgomummaa Turiizimii Diijitaalaa

Fakkii 5: Dhiibbaa Akeektuu Dorgomummaa Turiizimii Diijitaalaa

Teekinoloojii diijitaalaa tuuristootaa fayyadamuun baratamaa ta’aa dhufeera. Imaltoonni 70% ol


(imaltoonni dargaggootaa dhibbeentaa 90 ol ta’an umuriin isaanii waggaa 25 gadi jiran)
gaaffiilee tajaajila imalaan duraa (Travel Booking) teekinoloojii diijitaalaa fayyadamanii ni

60
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

raawwatu. Caasaa cancala turiizimii hordofuudhaan dijitaala gara hojiitti galchuun dhimma
furtuu ta’ee jira. Kana gochuudhaan hojmaata tuuristootaa, dhaabbilee turiizimii fi mootummaa
jijjiiruu fi industiricha guddisuun ni danda’ama.

Shoora Diijitaalaa Naannawa Caasaa Cancala Turiizimii

Caasaa cancala turiizimii Tuuristootaaf Mootummaa/Ejansiiwwan Turiizimiitiif

Gabaan iddoo gahumsa turiizimii


Intarneetii fayyadamuudhaan wantoota akka
fayyadamaa giddu galeeffatee fi
qoratan, akka dorgomsiisanii fi beekumsaan
Qaqqabuu isaanitiin wanta barbaadan akka raawwatanii fi yeroo/baasii odeeffannoo irratti hundaa’e akka
dura akka qusatan taasisuu jiraatu mijeessuu.
Muuxannoo tuuristii yaada keessa galchuudhaan
dijitaala fayyadamuudhaan hawwata tuuristii
guddisuu.
Baasiilee sharafaa hir’isuu fi karaa kaffaltii Teekinoloojii diijitaalaa
diijitaalaatiin baasiilee tuuristootaa dabaluu. fayyadamuudhaan galii baay’ee
maddisiisuu (fakkeenyaaf:
Odeeffannoo akka argatan mijeessuu kaffaltiiwwan diijitaalaa fudhachuu,
Erga biyya keessa Muuxannoo tuuristii yaada keessa galchuudhaan tajaajiloonni intarneetii irratti akka
galanii booddee dijitaala fayyadamuudhaan hawwata tuuristii argaman mijeessuu, fi kkf dha.)
cimsuu.

Muuxannoowwan tuuristii gabbisuu


Muuxanoo isaanii tuuristoota birootiif akka
fi daldala turiizimii babal’isuudhaaf
qoodanii fi tajaajiloota akka galmeessan taasisuu
yaadaa fi odeeffannoo fudhachuu
Erga biyya gadhiisanii
booddee

Fakkii 6: Shoora Diijitaalaa Cancala Turiizimii Irratti

Biyyoota Kanneen Akka Afrikaa Kibbaa, Taayilaandii fi Keeniyaa Fakkaatanitti Hojiileen


Turiizimii Diijitaalaa Hojii Irra Oolan Itiyoophiyaadhaafis ta’ee naannoo keenyaaf
Barnoota Fayyadan Ni Kennu. Diijitaalaayiz taasifamuu isaatiin dura Biyyattiiin
damee turiizimiitiin kanneen akka gabaa daangeffamaa, hanqina qabiinsa
odeeffannoo turiizimii fi dandeettii intarpiraayiziiwwan turiizimii jabaachuu
dhabuu fi dhiibbaalee walfakkaatan qabu ture. Kaka’umsi diijitaalaa haalota
qormaataa kanneen mo’achuu fi guddina industirii turiizimii jajjabeessudhaaf
61
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

fayyada. Biyyoota kanneen keesstti hojiilee dijitaal turiizimii hojii irra oolan
keessaa Itiyoophiyaadhaaf muuxannoowwan kanaa gadii fudhachuun ni
danda’ama.

 Beeksisa Diijitaalaa Filataman (Turiizimii Irratti Kan Xiyyeeffatan)


Irratti Fuulleffachuu:- Duula beeksisaa doo’attoota muraasa irratti
xiyyeeffannaa godhatan wixineessuu fi hojjii irra oolchuu (fakkeenyaaf
daangaa umrii ykn daangaa jireenyaa muraasa tokko ykn kaayyoo imalaa).
Duulli kaka’umsa gabaa gareewwan filataman irratti fuulleffate dhiibbaa
uumuun akka danda’amu intarneetiidhaan (fakkeenyaaf miidiyaa
hawaasaa, biloogiiwwan) fayyadamuu fi namoota kallattiidhaan argachuu
(fakkeenyaaf Xiyyaara keessatti viidiyoo, Buufata xiyyaaraa keessatti
beeksisaalee jiran) dabalachuu danda’u.
 Kenniinsa murtii odeeffannoodhaan deeggarame mirkaneessuuf
sirnoota daataa qindaa’aa hojii irra oolchuu. Odeeffannoowwan turiizimii
fi safartaawwan walqabatan kanneen biroo too’achuu fi hordofuuf
ejansiiwwan adda addaa (Mootummaa, oppireetaroota do’achiisaa, Hoteelaa
fi kennitoota tajaajila turiizimii kanneen birootti) haguuggii kenna tajaajilaa
sadarkaa isaa eggate qopheessuu. Qulqullina gabaa fooyyeessuu fi bahiinsa
imaammataa fi tarsiimoo beekumsa irratti hundaa’e mirkaneessuuf karaa
mala xiinxala odeeffannoo fooyya’aniin hubannoo argachuu.
 Oomishaa fi Tajaajiloonni Tuuristootaaf Dhiyaatan Fedhii fi Filannoo
Isaanii Kan Giddu Galeeffatan Akka Ta’an Taasisuu. Tuuristoota idil-
addunyaatiif haala fayyadama salphaa mijeessuu fi qajeeltoowwan
fayyadamaa giddu galeeffate irratti hundaa’uudhaan aplikeeshiniiwwan
mobaayilaa fi poortaaliiwwan intarneetii qopheessuu. Muuxannoo fi itti
quufiinsa turiizimii guddisuudhaaf filannoo tuuristootaa irratti
hundaa’uudhaan dhiyeessii omishaa fi hojiilee tajaajilaa raawwachuu
(fakkeenyaaf:-kaffaltiiwwan diijitaalaa beeksisuu, hawwata turiizimii
diijitaalaan fooyyessuu fi kkf).

62
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

 Dandeettii Intarpiraayiziiwwan Turiizimii Xixiqqaa fi Giddu Galeessaa


Ijaaruu. Dandeettii humna namaa fi teekinoloojii Intarpiraayiziiwwan
Turiizimii Xixiqqaa fi Giddu Galeessaa ijaaruudhaan qabiinsi tuuristotaa
akka fooyya’uu fi teekinoloojiin diijitaalaa jabanni irra gahe hojii irra ooluu
isaa mirkaneessuu (kaffaltiiwwan diijitaalaa fudhachuu, akaakuu tajaajilaa
sududa/marsariitii irratti tarreessuu, odeeffannoowwan tuuristii
sassaabuu/gabaasa gochuu).

 Mootummaa fi Damee Dhuunfaa Gidduutti Waltumsuu Jabeessuu.


Dhaabbilee mootummaa adda addaa dhimmicha waliin qunnamtii qaban,
kubbaaniyaawwan damee dhuunfaa fi waldaalee turiizimii damee dhuunfaa
gidduutti tumsa uumuudhaan tarsiimoo bifa bu’a qabeessa ta’een
gurmeessuu, misooma itti fufiinsaa industirii turiizimiitiif imaammata jabaa
baasuu.
 Sirna Dirree Kalaqa Hojii Innoveetivii (Innovative start-up)
Jalqabdootaa Haalotaa fi Jijjiiramoota Idil-Addunyaa keessummeessuuf
Danda’u Jabeessuu. Damee turiizimiitiin teekinoloojii fayyadamuun
saffisaan jijjiirama agarsiisaa jira. Yeroo ammaa teekinoloojiiwwan hojii
damichaa irra oolaa jiran keessaa awugmantid riyaaliitii (Augmented
Reality) , teekinoloojii addunyaa dhugaa (Virtual Reality), teekinoloojiidhaan
fayyadamee deeggarsa fageenya irraa kennamu (Virtual
Assistance),gaamifikeeshinii (Gamification) , intarneetii meeshaalee (IOT),
bilookcheeyin (Blockchain) fi kanneen kana fakkaatan ni argamu. Bu’aalee
teekinoloojii jabanni irra gahe industirii turiizimii Itiyoophiyaa keessatti
faayida irra oolchuudhaaf sirni sirnakkoo jabaachuu qabaata.

4.4.3. Carraalee Gaarii fi Dhimmoota


Oromiyaatti Milkaa’uu Danda’an
Hojiileen kunneen kan adda ta’an gumaachaa fi bu’a qabeessummaa
raawwii isaanitiin dha.

63
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

4.4.3.1. Kaka’umsa Diijitaalaa Raawwachiisuudhaaf Tuuta


Diijitaalaayizeeshinii Hundeessuu.
Oromiyaa keessatti industirii turiizimii dijitaalessuudhaaf dandeettii
kuufamaa hedduutu jira. Garuu raawwii diijitaalaa barbaachisaa
godinaalee fi magaalota adda addaatti hojii irra oolchuudhaaf qaamolee
qooda fudhattootaa adda addaa waliin tumsa uumuu dhabuun hudhaa
hangafaati. Caasaa mootummaa sadarkaan jiruu fi damee dhuunfaa
dabalatee tuuta garee turiizimii hundeessuun carraalee
diijitaalaayizeeshinii turiizimii adda duree gamtaadhaan adda baasuu fi
hojii irra oolchuu barbaachisa.
Karoora raawwii gara hojii qabatamaatti galchuudhaaf adeemsi
qaamolee qooda fudhattoota adda addaa hunda hirmaachise filatamaa
dha. Biiroon Aadaa fi Turiizimii imaammataa fi dambiiwwan industirii
turiizimii akka biyyaatti bahan irratti hundaa’uudhaan qajeelfamoota
baasuun industirii turiizimii diijitaalaayiz taasisuu fi bajata
barbaachisaa ramaduun/akka ramadamu gochuun karoora raawwii
diijitaalaa jiraniif fandii gahaa dhiyeessuu qabaata. Abbaan Taayitaa
Saayinsii, Teeknoloojii fi Qunnamtii Odeeffannoo karoora raawwii
diijitaalaa adda addaa akka misooman deeggarsa teeknikaa mijeessuu
irraa eegalee tarsiimoo tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa naannoo waliin
walsimee raawwatamuu isaa ni mirkaneessa. Haala walfakkaatuun
intarpiraayiziiwwanii fi waldaalee turiizimii xixiqqaa fi giddu galeessaa
karoora raawwii diijitaalaa dhiibbaa guddaa uumuu danda’an akka
bocamanii fi akka raawwataman yaada kennuu irraa eegalee raawwii
isaa gochaan deeggaruu qabaatu. Dhuma irrattis “Biiroon Aadaa fi
Turiizimii” tuutaaf deeggarsa tarsiimawaa barbaachisaa kennuu irraa
eegalee qaamolee qooda fudhattoota damichaa jiran waliin adeemsicha
irratti hirmaachisuu fi raawwii karoora diijitaalaatiif leeccaalloon
barbaachisu akka argamu gurmeessuun irraa eegama. Arjoomtonni,
dhaabbileen hunda galeessaa (Multilaterals), dhaabbileen misoomaa fi

64
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

faayinaansii hojii adeemsiftuu tuutaaf fi raawwii piroojektii diijitaalaatiif


kan ta’u deeggarsa faayinaansii gochuun isaan irraa eegama. Dhuma
irrattis qaamoleen qooda fudhattootaa kanneen akka Bulchiinsa
Godinaalee fi Magaalotaa,Abbaa Taayitaa Geejjibaa Oromiyaa,
Dhaabbilee Teelekoomii, Abbaa Taayitaa Saayinsii, Teeknoloojii fi
Qunnamtii Odeeffannoo, Daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaa, Abbaa
Taayitaa Galiiwwanii, Koomishinii Invastimantii Oromiyaa, Biiroo
Daldalaa fi Misooma Gabaa, Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa,
Komishinii Poolisii Oromiyaa adeemsicha irratti hirmaatanii saganticha
raawwatamaa taasisuu qabaatu.
Tuuta gurmaa’iinsa idilee waliin wal irra bu’uun shoora hojii akka hin
jiraanne qaamolee qooda fudhattoota hundaaf hojii fi itti
gaafatamummaa isaanii ifaa fi tarreedhaan adda baasuun kennuu
qabaata. Tuutni garee kaayyoo isaa bocuu irraa kaasee sirna dirree
jijjiiramaa keessatti itti gaafatamummaa fi hojii tokkoon tokkoo
qaamolee qooda fudhattootaa bifa hirmaachisaa ta’een ifaan kaa’uu
qabaata. Tuuta gurmaa’iinsa idilee waliin wal irra bu’uun shoora hojii
akka hin jiraannee fi taatonni hundinuu yaadicha akka bitan akkaataa
taasisuun gumaachi isaanii adda baafamee ibsamuu qabaata. Waltajjii
marii walitti aansuun taasifamaniin rakkoolee ijoo damee turiizimii
irratti xiyyeeffachuudhaan tuutni yeroo yeroodhaan shoora isaa keessa
deebi’uu qabaata.
Leecalloo ol’aanaa kaka’umsi diijitaalaa Turiizimii Gurguddoon
Gaafatan Argachuudhaaf Hamma Daangeffamuun Dandeettii Tuutichi
Qabaatu Hir’isuu Danda’a. Jalqaba sadarkaa yaaliitti
raawwatamummaa yaad-rimichaa erga mirkaneessanii booddee hojiin
jalqabaa leecaalloo barbaachisu argachuudhaaf socho’uun sodaa
kallattii kanaan jiru furuuf dandeessisa. Tuutichi ka’umsa irratti
milkaa’ina argachuudhaaf xiyyeeffannaa kennee hojjachuun isaa

65
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

fudhatamummaa isaa guddisuun leecalloo carraaqqii hojii itti aanuuf


ta’u argachuu isaa kan milkaa’e taasisa.
Yeroo Raawwii: Yeroo Gabaabaa (Ji’oota 18)
4.4.3.2. Yaa’iinsa Turiizimii Fooyyessuu fi Tarsiimoowwan Gabaa
Dijitaala Filatamaniin Sochii Tuuristii Guddisuu
Miidiyaalee hawaasaa fayyadamuudhaan intarneetii irratti
odeeffannoowwan filatamoo turiizimii Oromiyaatiif fayyadanii fi
sududa/marsariitii irratti salphaatti akka argaman taasisuudhaan
(Search Engine Optimization) fi maloota beeksisaa kanneen biroo
fayyadamuun Itiyoophiyaan keessumattuu naannoon keenya Oromiyaan
Kaartaa Turiizimii addunyaa irratti guddattee akka baatu gargaaruu ni
danda’a.
Itiyoophiyaan gahumsa industiriitiin beekamtii guddaa waan hin qabneef
tuuristootaaf mijattuu taatee hin mul’attu. Biraandii turiizimii hawwataa
taasisuu fi tuuristoonni waa’ee turiizimii Itiyoophiyaas ta’ee Oromiyaa
hubannoo akka qabaatan taasisuun barbaachisaa dha. Tajaajilaa fi
omishaalee adda addaa tuuristoota giddu galeessa godhate qopheessuu fi
tajaajila kanneen barbaadan daandii tamsaasa odeeffannoo adda addaa
(miidyaalee hawaasaa, intarneetii irratti odeeffannoowwan filatamanii fi
sududni salphaatti akka mul’atan taasisuu) irratti akka argan taasisuun
biraandiin turiizimii akka fooyya’u, yaa’iinsi turiizimii gara biyya keessaa
galu sadarkaa guddaadhaan akka guddatuu fi biyyattiii keessatti sochiin
tuuristii akka dabalu taasisuu ni danda’a. kanaafis tarsiimoo gabaa
diijitaalaa hordofuu fi filannoo teekinoloojii diijitaalaa hunda
fayyadamuudhaan ergaa qabiyyee ramaddii fi akaakuu turiizimii hunda
madaalu qabu akka isaan qaqqabu taasisuu barbaachisa.
Malli gabaa diijitaalaa bu’a qabeessummaa isaa agarsiisuudhaaf,
turiizimii koonfraansii fi taatee (MICE tourism) kan beeksisu gochaa yaalii
taasisuun ni danda’ama. Kanaafis biraandii turiizimii keessa
deebi’uudhaan akkasumas tajaajila adda addaatiif hir’ifama gatii

66
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

taasisuun, qopheessaa walgahii waliin walitti dhufeenya uumuudhaan fi


kana waliinis paakeejii jajjabeessaa turiizimii bashannanaa
qopheessuudhaan turiizimii koonfraansii fi taatee irratti miidiyaa
hawaasaa fi mala birootiin warraaqsa diijitaalaa gochuudhaan ta’uu ni
danda’a.
Kaka’umsa kana hojii irra oolchuudhaaf tokkoon tokkoo qaamolee qooda
fudhattootaa gahee mataa isaanii osoo hin nuffin waldubbisuudhaan akka
bahan taasisuu barbaachisa. Biiroon Aadaa fi Turiizimii biraandii
chaanaaliiwwan diijitaalaa misoomsuudhaaf kallattii akeekuu fi
intarpiraayiziiwwan turiizimii xixiqqaa fi giddu galeessaatiif haguuggiin
seeraa carraan gabaa dorgommiidhaan guutame jiraachuu isaa
mirkaneessu qopheessuu qabaata.
Abbaan Taayitaa Saayinsii, Teeknoloojii fi Qunnamtii Odeeffannoo xiinxala
teeknikaa hojjachuuf, turistoota fedhii fi humna do’ii qaban adda
baasuun, gabaa diijitaalaatiif deeggaraa biizinasii barbaachisaa
filachuudhaan fi gurmaa’ina daataa diijitaalaa waliin deeggarsa teeknikaa
walqabatan ni taasisa. Ejansiiwwan gabaa diijitaalaa qaamolee
xiyyeeffannoon taasifameef qabiyyeewwanii fi ergaawwan mijataa
qopheessuudhaan bu’uura tarsiimootiin hojii irra ni oolchu.
Baankiiwwan, dhaabbilee faayinaansii fi ejansiiwwan biroo daataa
tuuristii fayyadamuudhaan yaada raawwii tarsiimootiif oolan ni
dhiyeessu. Intarpiraayiziiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa damee
dhuunfaa akkasumas waldaaleen turiizimii tarsiimoo muummee waliin
walsime duula gabaa diijitaalaa walabaa walsimu ni taasisa. Dhuma
irrattis “Komishiniin Turizimii Oromiyaa” duula gabaa diijitaalaa
hoogganuu, qaamolee qooda fudhattootaa isaan ilaallatu gurmeessuu,
intarpiraayiziiiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa waliin tumsuudhaan
omisha addaa baasuu barbaachisa.
Dandeettii Dhiibbaa Uumuu Duula Gabaa Diijitaalaa Guddisuuf
Dandeettiiwwan Gabaa Tuuristii Filatamoo Irratti Duula Irra Deddeebiin

67
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Qopheessuu. Duula yaalii taasisuudhaan amalaa fi deebii tuuristiiwwan


adda addaa sakatta’uun bu’a qabeessummaa ergaa haala addaatiin
bocame adda baasuuf dandeessisa.Sababa kanaanis dhuga ba’ummaa
tuuristootaa fudhachuu (fakkeenyaaf luqqisiiwwan/waraabbiiwwan,
fakkii, viidiyoo) akkasumas gabaa beeksiisuudhaaf qabiyyee tamsa’e
irratti muuxannoowwan tuuristootaa ilaaluudhaan amanamummaa isaa
guddisuu barbaachisa.
4.4.3.3. Intarpiraayizoonni Turiizimii Xixiqqaa fi Giddu Galeessaa Gara
Diijitaalaa Akka Galanii fi Teekinoloojii Diijitaalaa Akka Fayyadaman
Dandeettii Isaanii ijaaruu (haala intarneetiidhaan itti argaman
guddisuu, kaffaltii diijitaalaa fudhachuu, dabalataanis hiikkaa afaanii
irratti gahumsaan leenjisuu)
Itti quufinsi turistii kan murtaa’u haala sochii biyya keessatti qabaatuuni
dha. Haalota sochii biyya keessaa turistoota idil-addunyaatiif mijatan
jedhamanii kan adda baafaman dhimmoota turiizimii waliin walqabatan
adda addaa irratti shoora dandeessisummaa diijitaalaa qabaatuu dha.
Karoora imalaa baasuu irraa eegalee kaffaltiiwwan raawwachuu, geejjiba
mijeessuu fi kkf haalli teekinoloojii diijitaalaa fayyadamuu hiikkaa guddaa
qaba. Yeroo ammaa intarpiraayiziiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa
akkasumas waldaalee turiizimii gidduutti dijitaalli sirriitti faayidaa irra
waan hin oolleef oppireetaroonni imala bakkee, gorsitoonnii fi
dhiyeessitoonni geejjibaa, diijitaalaaf fedhii qabaachuu fi dandeettii isaanii
guddisuu qabaatu. Kana gochuudhaaf hanqinaalee gurguddoo adda
baasuu, maanuwaaliiwwan leenjii barbaachisoo qopheessuu fi
qabeenyaalee diijitaalaa itti fufiinsaan faayidaa irra ooluu isaa
mirkaneessuu gaafata.

Gama Dandeettii Intarpiraayizoota Turiizimii Xixiqqaa fi Giddu


Galeessaa ijaaruutiin qaamoleen qooda fudhattoota shoora
murteessaa qabu. Biiroo Aadaa fi Turiizimii damee turiizimiitiin

68
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

qabeenyaalee diijitaalaa fayyadamuun akka danda’amu deeggarsa


gochuu, Abbaa Taayitaa Saayinsii, Teeknoloojii fi Qunnamtii Odeeffannoo
waliin tumsaan hojjachuu fi workishooppii leenjii fi ijaarsa dandeettii
qopheessuu fi ogeessota teeknikaa ramaduu qabaata. Intarpiraayiziiwwan
xixiqqaa fi giddu galeessaa damee dhuunfaa akkasumas waldaaleen
turiizimii hanqinaalee dandeettii jiran adda baasuudhaan sirni barnoota
leenjii barbaachisaan akka qophaa’u galtee kennuun isaan irraa eegama.
Qo’attoonnii fi qopheessitoonni sirna barnootaa qaamolee qooda
fudhattootaa biroo waliin tumsuun fi biyyoota biroo irraa muuxannoo
fudhachuudhan qabiyyee leenjii bocuu qabaatu. Arjoomtonni,
daaggartoonnii fi faayinaansiin misoomaa leenjii fi hojiilee ijaarsa
dandeettii intarpiraayizii turiizimiitiif kennaniif deeggarsa faayinaansii
gochuun isaan irraa eegama.
Dhuma irrattis “Biiroon Aadaa fi Turizimii” qabiyyeewwan bocuuf fi leenjii
kennuuf akkasumas hojmaanni diijitaalaa hojii irra ooluu isaanii
mirkaneessuuf qaamolee qooda fudhattootaa adda addaa waliin
ta’uudhaan hojiilee leenjii fi ijaarsa dandeettii hoogganuu qabaata.
Leenjiiwwan Intarpiraayizii Turiizimii Xixiqqaa fi Giddu Galeesaa fi
workishooppiiwwan adeemsifaman barbaachisoo fi dhiibbaa uumuu
kanneen danda’an ta’uu qabaatu. Qabiyyeewwan hojii irra oolanii fi
intarpiraayizoota turiizimii xixiqqaa fi giddu galeessaa biyyaalessaa
akkasumas waldaalee turiizimii yeroo qophii modeelaa akka hirmaatan
taasisuun barbaachisaa dha. Dabalataanis leenjiiwwan irratti yaada
simachuu fi qabiyyeewwan bu’uura kanaan keessa deebi’amuu qabaatu.
Bifa murtaa’een raawwii dijitaala turiizimii irratti komii qabaachuu ni
danda’u. Dhiibbaawwan kanneen hiikuudhaaf warraaqsa kenniinsa
hubannoo intarpiraayizoota turiizimii xixiqqaa fi giddu galeessaa
akkasumas waldaalee turiizimii irratti raawwatamaa taasisuu, bu’aa
isaatiinis damichaan oomishitummaa dabaluu, dabaluu galii, hir’achuu
baasiilee jijjiirraa akkasumas itti quufinsa tuuristii ykn maamilaa dabaluu

69
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

fa’a ni hammata. Hojiileen ijaarsa dandeettii damichaan taasifaman


intarpiraayizoota turiizimii xixiqqaa fi giddu galeessaa irratti kan
xiyyeeffatan ta’an illee caasaa cancala turiizimii irratti qaamoleen qooda
fudhattootaa hedduun ni argamu. Waan kana ta’eefis hojiin ijaarsa
dandeettii qaamolee qooda fudhattootaa kanneenis kan hammate ta’uun
irraa ni eegama.

4.4.4. Hammattummaa Mirkaneessuu


Dijitaala guddina turiizimiitiif fayyadamuuf qaamolee qooda fudhattootaa
gidduu tumsi jiraachuu qabaata.

Caasaa cancalaa keessatti hirmaattonni hedduun waan jiraataniif wal irra


bu’uun gahee hojii manneen hojii mootummaa adda addaa akka hin jiraannee
fi itti fufiinsa raawwii mirkaneessuudhaaf tumsuu qabaatu. Dameen dhuunfaa
furmaata diijitaalaa kalaqaan deeggarame kennuudhaaf shoora murteessaa
waan qabuuf dhiyeessitoonni teekinoloojii, misoomsitoonni appilikeeshinii,
intarpiraayiziiwwan turizimii xixiqqaa fi giddu galeessaa shoora baay’ee
barbaachisaa ta’e qabu.

Sochii fi hirmaannaan sochii turiistii biyya keessaa fooyya’uu kan danda’u


intarpiraayiziiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa turiizimii irratti hojjatan
tajaajila qulqullina isaa eeggate dhiyeessuu yoo danda’anii dha.
Intarpiraayiziiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa kunneen gara diijitaalaatti
akka ce’anii fi appilikeeshiniiwwan diijitaalaa fayyadamuu akka danda’an
deeggarsi isaaniif taasifamuu qabaata. Kanaanis hirmaannaan gochaa biyya
keessaa tuuristootaa ni dabala.

Dabalataanis hawaasni naannawa gahumsa/tourism destination/ turiizimii


jiraatan tajaajilawwan tuuristootaaf kennamanii fi carraalee hojjii uumaman
irraa fayyadamuu qabaatu (fakkeenyaaf doo’achiistota, buna danfisuu,
bu’aalee hojii harkaa gurguruu, keessummeessuu). Hojiileen kunneen

70
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

ogummaa guddaa kanneen hin gaafannee fi qacarrii irratti dhiiraa fi dubara


gidduu garaagarummaa jiru kan dhiphisanii dha.

Walumaagalatti pooteenshaala Turiizimii Guddisuun Carraa Hojii Uumuu fi


dinagdee guddaa maddisiisuun Hawaasa Fayyaduudhaaf Oola.

Oromiyaan naannolee biyyattiii biroo waliin yoo walbira qabamtee ilaalamtu


qabeenya uumamaa fi aadaa adda addaan kan badhaateedha. Gaarren
gurguddoo, laggeen, fincaa’aawwan, bosonoota, holqawwan, haroowwan
pooteenshaala hawwata qabeenya turizimii adda dureedha. Haaluma
walfakkaatuun aadaan naannichaa fi iddoowwan seenaa holqawwan durii,
masaraawwan moototaa, muziyemiiwwanii fi iddoowwan seena qabeessaa
biroo, tapha aadaa, Sirna Gadaa, ayyaana irreechaa fi kkf madda hawwata
turizimii isaan birooti. Haa ta’u malee qabeenyi turizimii kunneen irra caalaa
kan hin misoomini, hin tuqaminii fi haalaan kan itti hin fayyadaminiidha.
Waan ta’eef odeeffannoo qabeenyota turizimii naannoo keenyaa fi tajaajiloota
kanaan walqabatan dijitaalessuunii fi fuula dhaabbilee diijitaalaa kanneen
akka miidiyaa hawaasaa fi marsariitii bebbeekamoo filataman irratti of
beeksisuun, sirna gabaa dhaabbilee dhuunfaa cimsuun abbootii qabeenyaa
damicha irratti hojjetan jajjabeessuun, Dhaabbata Turizimii Addunyaa(WTO)
waliin qindoomina cimaa uumuun, daandii xiyyaaraa keenyaan sirritti of
beeksisuunii fi carraa teessoo dippilomaatotaa magaalaa finfinneetti sirritti
fayyadamnee of beeksisuun fayyadamummaa dinagdee damee kanaa daran
dabaluu ni dandeenya. Muuxannoon biyyoota akka USA, Ispeen, Turkii,
Indiyaa fi kanneen biroos kan mul’isu kanuma.

71
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

5. Gama Diijitaalaatiin Qophaa’ummaa fi Haala


Wayitaawaa Oromiyaa
Qophiin diijitaalaa Oromiyaa qaamolee haguuggii dinagdee diijitaalaa arfan jechuunis
bu’uura misoomaa, sirna dandeessisaa, aplikeeshiniiwwan fi sirna dirree
bal’aa bu’uureffatee kan madaalamee dha. Dabalataanis tarsiimoon kun do’ii
gochaan deeggarame kan hammatuu fi yaada Itiyoophiyaan saffisaan guddachuuf
kennitee fi dhiibbaa isaa bu’uura taasifatee kan dhiyaatee dha.

5.1. Bu’uura Misoomaa


Itti aansinee kan ilaallu dinagdee diijitaalaa dandeettii guutuudhaan gara
hojiitti galchuudhaaf waa’ee bu’uuraalee misoomaa jabeeffamuu qabanii dha.

Dandeettiin wal qunnamtii bu’uura tiraanisfoormeeshinii diijitaalaa kan


ta’ee fi guddina dinagdee fi hawaasummaatiif sababa kan ta’uu dha.
Dandeettiin wal qunnamtii jabaan lammiileen dhaabbileen biiznasii gatii
madaalawaadhaan tajaajila intarneetii qulqullina qabu akka argatan,
odeeffannoo akka wal jijjiiranii fi gabaa akka adeemsisan dandeessisuudhaan
dinagdee diijitaalaa keessatti hirmaattota isaan taasisa. Dandeettii wal
qunnamtii fooyya’aa akkaataa baay’eedhaan misooma hawaasaa fi dinagdee ni
fida. Fakkeenyaaf qaqqabummaan intarneetii dhibbeentaa 10 yommuu
guddatu omisha biyyoolessaa waliigalaa dhibbeentaa 0.9 hanga 1.5 tti akka
fooyya’u taasisuu ni danda’a. Bu’uuraaleen misoomaa dandeettii wal
qunnamtii (fakkeenyaaf bilbila socho’aa kan ittiin simatanii fi sarara dabarsaa
fi kkf) fi bu’uuraalee misoomaa deeggaraa (fakkeenyaaf dhiyeessii humna
ibsaa) irratti fooyyeffamni taasifamu qaqqabummaa tajaajilaa guddisuudhaan
fayyadamummaa namoota dhuunfaa fi hawaasaa ni guddisa.

5.1.1. Dandeettii Walqunnamtii (Connectivity)


Omishaalee fi tajaajiloonni diijitaalaa jiraachuu intarneetii madaalawaa fi
amansiisaa irratti kanneen hundaa’anii dha. Waan kana ta’eefis dandeettiin
wal qunnamtii cimaan dinagdee diijitaalaatiif baay’ee murteessaa dha.
Tajaajiloota kanneen keessaa mootummaan tajaajila lammiilee kan ittiin

72
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

kennu bulchiinsa elektiroonikii fi gabaan elektiroonikii addunyaa biiznasii


keessatti guddachaa dhufe keessatti ni argamu. Karaa birootiin dandeettiin
wal qunnamtii dadhabaa yoo ta’e hojii omishaa fi tajaajila dijitaala dhiyeesuu fi
faayidaa irra oolchuu rakkisaa kan taasisu ta’uu isaa irra darbee guddinaa fi
omishitummaa dameelee biroo kanneen akka maanufaakchariingii irratti
dhiibbaa al-taawaa/hin taane geessisa.
Haala Amma Irratti Argamu
Itiyoophiyaan Dandeettii wal qunnamtii fooyyessuu waliin walqabatee jijjiirama
saffisaa fiddu illeen gahumsa hanga biyyoota gitaa garuu hanga amamatti hin
uumne. Intarneetii babal’isuudhaaf fi qaqqabummaa mobaayilaa guddisuuf
invastimantiin taasifame haguuggii intarneetii 2011 kan ture dhibbeentaa 1.1
irraa waggaa waggaadhaan giddu galeessaan dhibbeentaa 45 guddachuudhaan
2017 gara dhibbeentaa 18.6 tti akka qaqqabu dandeessiseera. Guddinni
dinqisiisaan galmaa’u illeen bu’aan isaa giddu galeessa biyyoota afrikaa
sahaaraa gadi jiranii kan ta’e dhibbeentaa 22.1 waliin yommuu ilaalamu
hammaan kan xiqqaate ta’ee argine. Faallaa kanaan Ruwaandaatti
dhibbeentaa 21.8, Taanzaaniyaatti dhibbeentaa 25 fi Naayijeeriyaati
Dhibbeentaa 27.7 kan ta’u ummanni isaanii fayyadamaa tajaajila intarneetiiti.
Haala walfakkaatuun baay’ina fayyadamtoota mobaayilaatiin waggoottan
kurnan darban guddina ol’aanaa kan galmeessifte ta’u illeen Biyyoota Afrikaa
kanneen biroo waliin yommuu ilaalamu baay’ee kan hafuu dha. Haguuggii
Baay’ina galmaa’aa mobaayilaa 2011 tti dhibbeentaa 15.6 qofa kan ture
2017tti gara dhibbeentaa 60 guddina agarsiiseera. Garuu qabatamaan
fayyadamtoota tajaajilaa kan ta’an dhibbeentaa 41 qofa waan ta’aniif haguuggii
gadi aanaa isa taasisa..Fooyyeffamoonni hedduun jiraatan illeen lakkoofsa
galmooftota tajaajila mobaayilaa giddu galeessaa biyyoota sahaaraa gadi jiran
dhibbeentaa 74 isaaniif gahe keessaa yommuu ilaalamu Itiyoophiyaan hedduu
akka ishee hafu akeektuu dha.
Fayyadamummaa biroodbaandii waliin walqabatee agarsiisa walfakkaataadha.
Galmooftonni bilbila biroodbaandii bilbila socho’aa Itiyoophiyaatti ummata

73
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

waliigalaa irraa giddu galeessaan dhibbeentaa 7.1 irra kan gahe yoo ta’u gama
birootiin Ugaandaatti dhibbeentaa 23, ruwaandaatti dhibbeentaa 35 fi
keeniyaatti immoo dhibbeentaa 24.8 galmaa’ee argama. Itiyoophiyaan
dandeettii qunnamtii hunda qabeessaa ijaaruudhaaf tarkaanfiilee kan fudhatte
ta’u illeen dinagdee diijitaalaa dhugoomsuudhaaf garuu fooyyeffamoota
hedduu taasisuu gaafata. Fayyadamummaan intarneetii gadi aanaan
dhiibbaalee industirii omishaa shan keessaa isa tokko taasifamee kan
fudhatamuu dha.
Fayyadamummaan intarneetii baay’achaa dhufu illeen dameelee dinagdee bu’a
qabeessaa irra haalli itti fayyadamaa jiru garuu ammas daangeffamaa dha.
Fayyadamni intarneetii yeroo ammaa jiru miidiyaa hawaasaa irratti kan
fuuleffate malee gabaa elektiroonikiitiif, tajaajila biiznasii ykn barnootaaf oolaa
hin jiru. Kanaas sababni isaa immoo jiraachuu rakkoo qaqqabummaati. Waan
kana ta’eefis rakkoon qaqqabummaa damichi gabaa waliin sirnaan kan wal hin
barre ta’uu isaa waliin dabalamee taatonni damee dhuunfaa intarneetiidhaan
akkamitti sochii dinagdee omishitummaa fi hojjii daldalaatiif fayyadamuu akka
qabaatan hubachuuf isaan rakkisa. Dhaabbileen dhuunfaa yeroo ammaa
tajaajila dandeessisaa diijitaalaa kennaa argaman dhimmicha irratti hubannoo
dhabuun isaanii gufuu hangafaa akka ta’e ibsanii jiru.
Akka naannoo Oromiyaatti haguuggii intarneetii fi uwwisni moobaayilaa
ragaaan Itiyoo-teelekomii kan hin jirree waan ta’eef fuula duratti ragaaan
haguuggii internetii fi fayydamtoota moobaayilaa daataan isaa beekamuu
qaba.Sababni daataan argamuu hin dandeenyeef caaseffamni Itiyoo-teelekomii
akkaataa caaseffama bulchiinsa mootummaa naannolee wajjin waan wal
hinsimneef ta’uun isaa kan beekamu yoo ta’u qaamoleen murteessoon
naannoo fi Itiyoo-teleekomii irratti mari’atanii furmaata kennuu qabu.
Oromiyaatti/Itiyoophiyaatti Haguuggiin Intarneetii Saffisaan Babal’achaa Kan
Jiru ta’us qulqullinni isaa garuu gadi aanaa ta’ee waan itti fufeef

Kaayyoo biyyoolessaa irratti fayyadamtoota waliin gahuudhaaf daangeffama


qaba. Intarneetiin Dhaloota lammaffaa fi sadaffaan (2G) fi (3G) kan jiran

74
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

keessaa dhibbeentaa 85.5 kan haguuge ta’u illeen qaqqabummaan dhaloota


Arfaffaa (4G) iddoowwan muraasa Finfinneetti qofa kan hojjatuu dha. Gama
dandeettii galmooftota keessummeessuutiin 2G argine irraa dandeettiin
keessummeessuu fayyadamtoota miiliyoona 51 yoo ta’u dandeettiin 4G immoo
hanga kuma 400 ti. Addaan cituun intarneetii guutuu biyyattiiitti mudatu
amansiisummaa tajaajilichaa gaaffii keessa galchuudhaan mijaa’ummaa hojjii
daldalaa irratti dhiibbaa al-taawaa/hin taane qubachiiseera.

Mobaayila dabalatee adeemsa haardiweeriiwwan (Hardware) adda addaa


galchuu keessatti dhibbaawwan mudatan gatiin isaanii mi’awaa akka ta’uu fi
qaqqabummaan isaaniif akka daangeffamu taasiseera. Dhaabbileen dhuunfaa
akka jedhanitti yoo ta’e teekinoloojiin odeeffannoo ramaddii heeyyama daldala
fichisiisaa fi ramaddii sharafa alaa irratti dameelee xiyyeeffannoon duraa
isaanif kenname keessaa kan ramadaman waan hin taaneef meeshaalee
fichisiisuu fi heeyyama daldalaa meeshaalee galanii baasuuf rakkisaa ta’ee jira.
Dabalataanis jijjiiramoota haguuggii seeraa irratti jiraatan, omishitoota biyya
keessaatiif dahoo kennuudhaaf tarkaanfiileen fudhataman (meeshaalee galan
irratti taarifa dabaluu dabalatee) qaraxa kaffaluudhaaf gatii isaa irratti
jiraachuu dhabuun iftoominaa daldaltoota bahaa gatii gara fayyadamtootaatti
akka dabarsan taasisee jira. Fedhiin fayyadamtootaa ol’aanaa ta’us
meeshaleen muraasaan kan argamanii fi mi’aa’aa waan ta’aniif dhokfamanii
koontiroobaandiidhaan osoo qaraxni irratti hin kaffalamin meeshaalee galan
bituudhaaf dirqamaa akka jiran ni ibsu.
Invastimantiin daangeffamaa fi itti gaafatamummaa gadi aanaan babal’achuu
bu’uura misoomaa daangessee jira.
Waradaneet dabalatee roodmaappii /road map/ teeknikaa gahumsa qabu
jiraachuu dhabuu irraa kan ka’e dhaabbilee ummataa keessatti intarneetii
dhiyeessuudhaaf dandeettii wal qunnamtii diriiree jiru, piroojektiiwwan giddu
gala bulchiinsa elektiroonikiitiif bocaman (karoora teekinoloojii barnootaa fi
raawwii karoora elektiroonikii fayyaa) dhiyeessii bu’uura misoomaa booddeetti
harkifataa akka ta’an gumaachaniiru/hordofsiisaniiru. Waradaneet baay’ee

75
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

waldhiphisuu isaa irra darbee hir’achuu saffisaa fi jeeqamuu tajaajilaa keessa


galeera. Sababoonni isaa gurguddoon immoo daangeffamuu baandiwiidiz
akkasumas maloota karoorri tamsaasaa bu’a qabeessa ta’e akka jiraatu fi itti-
fayyadama ilaalchisee hordofuu fi madaaluudhaaf kan deggerani jiraachuu
dhabuu dha. Yeroo ammaa dandeettiin waradaneet tokkoon tokkoon
aanaadhaaf ramadame fedhiis ta’ee fayyadama fayyadamtoota yaada keessa
kan hin galchinee dha.
Bu’uuraalee Misooma TQO Oromiyaa KGT I fi KGT II

Bu’uuraalee misooma TQO kanneen akka cimdaa waradaaneetii babal’isuu,


wiirtuulee TQO hawaasaa, tajaajila bilbila bilisaa 888, raadiyoo hawaasa,
wiirtuu inkubeeshinii fi kkf babal’isuudhaan tajaajila TQO qaqqaabama
taasisuuf pirojeektonni hedduun qabamanii bara taarsiimoo kana keessatti
hojjetama tureera. Bara KGT I (2003-2007) darbe keessa babal’ina cimdaa
waradaaneetii manneen hojii mootummaa 824 kan ture bara KGT II (2008-
2012) keessa manneen hojii naannoo, godinaa, bulchiinsa magaalaa fi
aanaalee dabalatee 4,279 irratti diriisuudhaaf karoorafamee, manneen hojii
44, waajjiraalee godinaa 451, waajjiraalee bulchiinsa magaalaa 346 fi
waajjiraalee aanaa 1250, dimshaashumatti 2,091 irraan gahuun danda’amee
jira. Akka waliigalaatti raawwii babal’ina cimdaa KGT II keessa manneen hojii
sadarkaan jiran 3,132 irraan gahamee jira. Kunis karoora waliin gahinsa
waradaaneetii bara karoora kana waliin yeroo wal madaalamu dhibbeentaa 49
milkeessuun akka danda’ame argisiisa. (madda:gabaasa raawwii KGT II
ATSTQOO)

Ragaaa hanga amma jirun (madda: BPSMQNO) naannichi Godinaalee 21,


Bulchiinsa magaalotaa sadarkaa Godinaa 19, Aanaalee 342, Gandoota
Baadiyyaa 7343 fi Magaalaa 801 tiin gurmooftee jaarmiyaalee mootummaa
kaayyoo fi fedhii ummata naannichaa kan raawwachiisuu danda’an sadarkaale
mootummaa hunda keessattii diriiranii tajaajilaa kenna jiru. Tajaajilli
mootummaa kennamaa jiru sektaroota aanaa fi godina kesssatti TQO kan
deggeramne yoo ta’u gandoota baadiyyaa hunda keessatti garuu bu’uuraalee
76
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

misooma TQO (wardaaNet) hin diriirre.Kuna ammoo waliin gahiinsa uwisaa


internetii ummataa baadiyyaa fi magaalaa giduutti hagama garaagarummaa
akka uumuu fi ummtni baadiyya imaammataa fi tarsiimoo mootumaan
misoomaaf baasee irraa hagamaa fayyadamoo akka ta’aa hin jirre agarsiisa.

Ummatni Naannoo Oromiyaa tajaajiloota mootummaa toorarraa (e-Services)


argachuuf ogummaa diijitaalaa (Digital skills) fi barumsa dhabuun rakkoo
guddaa dha.

Mootummaan lammiilee hunda tajaajia si’aataa fi haqa qabeessa akka


argataniif barumsa bu’uuraa fi leenjii ogummaa diijitaalaa akka argataniif
irratti hojjechuu qaba.Appilikeeshoniin tajaajiloota mootummaa yoo misooman
iyuu namoota hagamtu afaan dhalootaa isaaniitiin (Afaan Oromoo)tin dubbisee
tajaajila argachuu danda’a kan jedhu ragaaan/daataan jiraachuu
qaba.Kanaafuu appilikeeshinoonni mobaayilaa misooman qabiyyee naannoo
(Local Content) ,Afan Oromootin misoomanii namoonni keessumaayyuu
qoteebltoonni badiyyaa fayyadamuu danda’uu qabu.

Haala Amma Jiru


Ministeerri Inoveeshinii fi Teekinoloojii Dandeettii Baandiwiidiz
Guddisuudhaaf Hojjachaa Jira.
Fooyyeffamaa fi Ammayyeessaa Waradaneet: Ministeerri Inoveeshinii fi
Teekinoloojii Biiroo fi dhaabbilee ummataatiif intarneetii
walquunnamtiin/hidhanni saffisa guddaa qabu akka jiraatu kan dandeessisu
irree cimdaa/bu’uura isaa ijoo (Backbone Network) uumuudhaaf sadarkaa
waradaneet fooyyessuuf fi ammayyaawaa taasisuuf hojjachaa argama. Cimdaa
ijoo (Backbone Network) akka biyyaatti fooyya’e hordofuun naannoon keenyas
sarara woredanet amma jiru fooyyessuun “bandwidth” amma jiru dabaluun
murteessaadha.
Hanqinaalee Ariifachiisaa Guutuu
i) Raawwii Fooyyeffamaa fi Itti Fufiinsa Damichaa

77
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

- Rakkoolee dambii fi imaammata guddina damicha quucarsan adda


baasuudhaan beekuu fi akka fooyya’an galtee qaama federaalaa aangoon
kennameef kennuu,
- Haala fayyadama dandeetti baandiwidz (bandwidth) fooyyeessuu fi haguggii
intarneeti babal’isuudhaaf hrimaannaa damee dhuunfaa adeemsa
waltumsuu mootummaa fi damee dhuunfaa jajabeessuu.
Giddu gala suphaa fi haaromsa kompiitaraa fi meeshaalee elektirooniksii
(CRMC-Computer Refurbishment & Maintenance Center) hundeesuun
Waliigahinsa teekinoloojii digiitaalaawa akka naannoo Oro,iyaattiti
dhugoomsuuf ummatni baadiyyaa,sektaroonni mootummaa sadarkaa
gandaa,aanaa ,bul/magaalotaa,godinaalee fi naannoo jiran meeshaalee TQO fi
elektirooniksii gatii gadi bu’aan argachuu qabu.Kana gochuuf pirojektii giddu
gala suphaa fi haaromsa kompiitaroota fi meeshaalee elektirooniksii
hundeessuun barbaachisaa dha.
Giddu gala kana hundeessuun carraalee hojii dargaaggootaaf uumuuf
qaamoleen hawaasaa hedduu meeshaalee teekinoloojii diijitaalaa argchuuf
dandeessisa. Giddu gala kana keessatti kampanoota Idil_Addunyaa kompiitara
oomishan (Fkn. DELL, HP, etc) wajjin qindoomina uumuu kompiitaroota
kanaan dura tajaajila kennaa turan gara biyyaatti galchuun irra deebiin
haaromsuun gatii agdi bu’aan qaamoleehawaasaa badiyyaa fayydamaa
gochuun ni danda’ama
Haaluma walfakkatuun meeshaalee bilbila sosocho’aa (Mobile telephone) gatii
gadii bu’aan hawaasni akka argatuuf qaamolee ykn namoota dhuunfaa
daladala mobaayilaa irratti hojjetaniif taarifa hir’isuun barbaachisaa dha.

5.1.2. Humna Eleektiriikaa

Haala Humna Ibsaa Oromiyaa


78
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Oromiyaan gandoota baadiyyaa 7343 kan qabdu yoo ta’u ummatni gandoota
baadiyyaa hagamtu humna ibsaa haydiroo argachaa akka jiru ragaaan/daataa
gahaaan hin jiru.Ragaaa komiishinii karoora Oromiyaa irraa argameen humni
ibsaa haaydiroo biyya Itoophiyaa %90 ol kan maddu Oromiyaa keessaa yoo
ta’u magaalotaa fi gandoonni baadiyyaa hedduun humna ibsaa kana
fayyadamaa hin jiran.Dabalataanis ragaaa kana irraa akka hubatametti bara
2010 A.L.Itti magaalota Oromiyaa 643 keessaa magaalota 573 qofatu humna
ibsaa argachaa jira. Kanaaf waliingahiinsa humna ibsaa akka dabalu humna
ibsaa biyyoolessaa waliin cichoominaan hojjechuu fi sirna humni soolaarii
naannoo keenya keessatti itti babal’atu diriirsuun barbaachisaadha.

5.2. Siistama Dandeessisan


siistama dandeessisan kan jedhaman qaamaan walbiratti argamuun osoo hin
barbaachisin faggeenya irraa eenyymmaa fi maalummaa adda baasuudhaaf
kan dandeessisan akkasumas gidduu isaaniitti marii fi wal-hubachuun akka
danda’amu appilikeeshiniiwwanii fi tajaajiloota uumuudhaaf sirnoota
dandeessisanii dha.

5.2.1. Nageenyummaa Saayibarii


Sirnichi dhiibbaa saayibaarii irraa eegamu waan qabaatuuf tajaajilaa
diijitaalaa barsisuuf biyya qophaa’aa jirtuuf nageenyii saayibarii barbaachisaa
dha.

Haala yeroo ammaa irratti argamu

Itiyoophiyaan hanga intarneetii waliin caalmaatti qunnamtii taasisaa


dhuftuun sodaan yakka saayibarii sadarkaa walfakkaataadhaan guddachaa
jira. Akaakuu dhiibbaa saayibarii adda addaatiin qabeenyaaleen manca’an
guutuu addunyaa fi Afriikaa keessatti saffisaan dabalaa jiru. Afriikaa keessatti
baasiin nageenya saayibarii Naayijeeriyaa keessatti doolaara miiliyona 550
irraa gara 649, Keeniyaa keessatti doolaara miiliyoona 175 irraa gara 210, fi
79
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Taanzaaniyaa keessatti doolaara miiliyona 85 irraa gara miiliyona 99tti ol


guddatee jira. Walumaagalatti yakki saayibarii kisaaraa qaxanicha keessatti
qaqqabsisaa jiru A.L.A 2016 kan ture biiliyoona 2 irraa A.L.A 2017 gara
doolaara Ameerikaa biiliyoona 3.5 guddatee jira. Itiyoophiyaa keessatti haalli
isaa kana irraa adda kan ta’e miti. Akkaataa ibsa Ejansii Nageenya Intarneetii
(INSA) 2017tti qofa yeroo ji’a jaha keessatti miidhaa saayibarii 256 galmaa’uu
danda’ee jira (EIU-2018 kan caqasame)
Dhiibaalee furtuu adda baasuu

Oromiyaan gamaaggama miidhaa saayibarii hin taasifne. Itiyoophiyaas ta’ee


naannoo keenya keessatti ifaan gamaaggamni osoo hin taasifamne
saaxilamummaa murteessoo ta’an addaan baasuun ulfaataa dha.
Qo’annoowwan irra keessaa akka agarsiisanitti biyya akka Itiyoophiyaa jirtuuf
keessumaayyuu naannoo Oromiyaaf dhimmi barbaachisaan hojii hubanoo
qabsiisuuti.

Hanqina ogeessota damichaan sadarkaa ol’aanaadhaan leenji’anii fi


gahumsa qabanii: Dhaabbileen ummataa fi mootummaa hedduun gidduu gala
daataa mataa isaanii ni qabu. Ta’eetis dambiin qabiinsa giddu galaa fi
jiraachuu dhabuun waraqaa ragaaa mirkaneessa gahumsa qabiinsa dadhabaa
hordofsiisa. Keessumattuu too’annoon gara qaama giddu galaatti seenan irratti
taasifamu hanna ykn balaa uumamaa kanneen akka balaa ibiddaa, galaanaa,
ho’iinsa kanneen kana fakkaatanii fi sababa naannootiin balaa uumaman irraa
ni eega.
Dabalataanis Itiyoophiyaattis ta’ee naannoo keenyatti yeroo ammaa
intarpiraayiziwwan xixiqqaa fi giddu galeessaatiif tajaajilaa kuusaa waliinii
(Cloud based) argachuuf rakkisaa dha. Kaffaltiilee sharafa alaatiin kaardii
kireeditiitiin kaffaluun dirqama. Tajaajila kanneen waliin hojjechuun
awutomeeshinii ni dabalata. Kanaafis ogeessota teeknoloojii saayibarii baay’ee
wal irraa fagaatan addunyaa irratti argaman waliin shariikummaa ni uuma.
Yeroo ammaa kubbaaniyaawwan Oromiyaa faallaa kanaan dandeettii kana

80
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

fakkaatu irra gahuudhaaf rakkoo guddaa qabu. Yeroo ammaa Itiyoophiyaa,


keessumaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwatamaa kan jiru tajaajilaa
teeknoloojii kilaawudii dhuunfaa (Cloud based) intarneeti waliin kan hidhata
qabu (Fkn: Intarneetiiwwan mootummaa kanneen akka waradaanet jiran) fa’a
dha.

Hanqinaalee murteessaa furuu

i. Qo’annoo irraa keessaa/Sakatta’insa haalota nageenya saayibarii,


qo’annoo irra keessaa/Sakatta’iinsa fedhii nageenya saayibarii
Oromiyaa/Itiyoophiyaa bifa qindoominaa fi giddu galeessummaa
qabuun adeemsisuu
Hanga har’aatti appilikeeshinoota misoomsuu fi diijitaalaayizeeshiniin
karooraan qabamee hanga hojjatameen saaxilamummaa gama birootiin
hordofsiisuu danda’u inni gamaaggamuu xiyyeeffannoo kan argate hin
turre. Qo’annoo irra keessaa/sakatta’iinsaa fi xiinxala haalotaa
gochuudhaan ogeessota damichaan hojjatan leenjisuudhaan nageenya
saayibarii mirkaneessuu barbaachisa. Waan kana ta’eefis:
- Deeggartoota misoomaa hammachiisuudhaan qo’annoo haalota
nageenya saayibarii gaggeessuu,
- Gamaaggama nageenya saayibarii qaxanicha fi biyyoolessaa/INSA/waliin
qindoomuu.
ii. Hubannoo qabsiisuu: Sosochii/warraaqasa hubannoo qabsiisuu
naannoo/biyyaaleessaa uumuudhaaf kallattii argarsiistuu/sirna
kaartaa fi haammata/haguuggii qopheessuu.
- Hojii hubannoo qabsiisuutiif bajata ramaduu,
- Sochiin hubannoo qabsisuu gulantaa bulchiinsa adda addaa sadi yaada
keessa galchuudhaan kennamuu qabaata. Kanneenis hoggantoota
mootummaa, raawwachistoota ol’aanaa kubbaaniyaa fi miseensota
boorditi,

81
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

- Dhaabbilee mootummaa fi kubbaaniyyaa keessatti hojjettoota jiraniif


dhimmoota nageenya saayibarii irratti sodaa ta’an waa’ee of-eeggannoo
bu’uuraa fudhatamuu qabaatan irratti barnoota kennuu,
- Haala qabatamaatiin hojjettoota barsiisuudhaan qoruu, kana hojii irra
oolchuudhaaf daandiin tokko ogeessa nageenya saayibarii qacaruudhaan
maloota adda addaa fayyadamuudhaan hojjettoota leenjisuu,
- Ogeessoota nageenya saayibarii maqaa gaarii fi beekamtii horatan qacaruu
ykn isaan waliin qunnamtii uumuu.
iii. Furmaata kilaawd teekinoloojii (Cloud solutions) fi
raawwatamummaa giddu-gala daataa jajjabeessuu
- Saaxilamummaa sarvariiwwan qabaatan (miidhaa akka saayibarii fi balaa
uumamaa tiif) qaban hir’isuudhaaf kilaawdii (cloud) tiin kan deeggarame
moodeela daataa banaa (open data model) hojii irra oolchuu, furmaata
kana fakkaatu ogeessota nageenya saayibarii sadarkaa addunyaatti
beekamtii horatan irraa deeggarsa teeknikaa argachuuf daandii
filatamaadha.
- Dhiheessitoota tajaajilaa giddu gala daataa beekaman fayyadamuun akka
danda’amu sirna seeraa mijataa taasisuu, dhiheessitoonni tajaajilaaa
dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaatti appilikeeshiniiwwan ergama
murteessaa qabanii fi ulaagaa raawwii eegumsa ol’aanaa guutan ta’uu
qabaatu.
- Dameelee dhuunfaatiif namoota dhuunfaa iccitummaa hin qabneef daataa
ilaallatan furmaata kilaawdi bu’uura godhatan heeyyamuu. Kana hojii irra
oolchuudhaaf intarpiraayiziwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa haguuggii
seeraa sharafa alaa argachuuf dandeessisu mijeessuu,
- Sooftiweeriwwan wayitaawaa taasisuu: sooftiwariiwwan bifa idileetiin
wayitaawaa taasisuuf haardiweeriwwanis wayitaawaa taasisuu waan
dabalatuuf baasii ol’aanaa kan gaafatu ta’u illee sooftiweeriwwan yeroon
isaanii irra darbe ykn yaaliidhaaf gadhifaman hanga eegamu olitti
hojjettoonni mootummaa akka hin fayyadamne dhorkuu barbaachisa.

82
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Sooftiweeriiwwan yaaliidhaaf gadhiifaman nageenya isaanii waqtaawaa


taasisuudhaf amala dandeessisu akka hin qabne hubatamuu qabaata.

Yaada gorsaa Qo’annoo irraa keessaa haalota: Fedhiin nageenya saayibarii


1 Itiyoophiyaas ta’ee naannoo keenyaa
Nageenya saayibarii bifa qindoomina qabuun sakkatta’amuu fi qoratamuun

2 Hubannoo qabsiisuu: Warraaqsa hubannoo qabsisuubiyyaaleessaa


Gaggeessuudhaaf sirna dirree fi haguuggii dandeessisu qopheessuu,

3 Fayyadama giddu gala daataa fi filannoowwan biroo nageenya


isaanii eeggatan (cloud solution) jajjabeessuu

5.2.2. waraqaa eenyummaa diijiitaalaa


Haala yeroo ammaa irratti argamu
Eenyummaa namaa hubachuuf malli filatamaan waraqaa eenyummaa
gandaati. Waraqaan eenyummaa gandaa kun caasaalee bulchiinsaa gulantaa
gadii aanaa 16,000 guutuu biyyaatti keessatti kan kennamu dha. Kaardiin
waraqaa eenyummaa gandaa kun eenyummaa seeraa akkasumas
lammummaa ni ibsa. Kaardiin lammiileen Itiyoophiyaa gabaa mootummaa ykn
dhuunfaa kamiiyyuu akka gaggeessan, paaspoortii akka qabaatan, filannoo
irratti sagalee akka kennan ykn herrega baankii akka banan isaan
dandeessisa. Kaardiin waraqaa eenyummaa gandaa ragaaalee muraasaan
salphaatti argamuu kan danda’u dha. Akka kaardii waraqaa eenyummaa
biyyooleessaatti kan tajaajilu ta’u illee sirna galmee gidduu galeessa kan hin
qabnee yoo ta’u inni tokko isaa biroo irraa adda ta’u isaa karaan ittiin
mirkaneeffamu kamiiyyuu kan hin jirree fi salphaatti karaa seeraan alaatiin
hojjatamuu kan danda’u dha.

Gufuuwwan gurguddoo adda baasuu


83
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Kutaalee hawaasaa adda addaa tooftaa ittin addaan baafannu: waraqaa


eenyummaa gandaa, kaardiwwan lakkoofsa kaffaltii gibiraa, paaspoortiwwan,
heeyyama konkolaachisummaa, kaardii sagantaa seeftineetii bu’aa
qabeessummaa, waraqaalee ragaaa dhalootaa- uummata keessaa walakkaa
gadi kan ta’an kan bakka bu’an yoo ta’u kanneen keessaa sanadoonni sobaa
waliin dhahamanii hojjataman bal’inaan ni jiru.

Sababa kanaan namni dhuunfaa tokko faayidaalee ykn tajaajiiloota argachuu


yemmuu yaalu mirkaneessa eenyummaa guutuu akka haaraatti dhiheessuu
qabaata. Kennitoonni tajaajilaa adda addaa yeroo baay’ee sanadoota keessatti
ulaagaalee adda addaa ni qabu. Guca guutudhaaf nama dhuunfaa ilaalchisee
odeeffannoowwan sassaabaman ni gaafatu. Garaagarummaa eenyummaa kana
fakkaatu waliigala baasii waraqaa eenyummaa dabaludhaan nama
dhuunfaatiif rakkisaa akka ta’u ni taasisu. Adeemsii kun yeroo baay’ee ragaa
eenyummaa isaanii ibsu kanneen hin qabnee fi baasiin adeemsa mirkaneessaa
eenyummaa guuttachuudhaaf kanneen hin dandeenyeef fi Itiyoophiyaanoota
galii gadii aanaa qabanii fi humnaan dadhaboo ta’an haala addaatiin ni midha.

Sochii amma jiruu fi Hojiirra oolmaa


Itiyoophiyaa keessatti sirna waraqaa eenyummaa addaa hojii itti
galchuudhaaf sochiileen taasifaman reefuu mul’achaa jiru ykn hanga
har’aatti milkeessuudhaaf yaaliin taasifamaa tureera.

Namoonni dhuunfaa lakkoofsa addaa akka qabaatanii fi odeeffannoon isaanii


akkaataa sirna qabeessaatiin akka gurmaa’u sagantaalee hawaasummaa
(jechuunis karaa ministeeraa hojjetaa fi dhimma hawaasummaa) yaaliiwwan
taasifamaa turanii jiru. Ta’uullee dhaabbilee gidduutti sababa hanqina
qindominaa fi qunnamtii jiruun namoonni dhuunfaa tajaajilaa adda addaatiif
lakkoofsa addaa garaagaraa argachuuf ni dirqamu.

84
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Waraqaa eenyummaa biyyooleessaa gara hojiitti galchuun qaama karoora


guddinaa fi tiraansisformeeshinii tokkooffaa fi lammaffaa ture. A.L.A 2010
hanga 2018 pirojaktiiwwan waraqaa eenyummaa biyyooleessaa waggoota
shanii ol yaaliiwwan hedduun kan taasifaman ta’u illeen qabatamaan hin
milkoofne. Yeroo ammaa ministeerri nageenyaa waraqaa eenyummaa
diijitaalaa biyyooleessaa dhugomsudhaaf hojjetaa jira.

Sagantaan raawwii waraqaa eenyummaa diijitaalaa Finfinneetti eegalamee


kan turee yoo ta’u yaaliin kun akka jalqabiitti (pilot) erga tajaajiilee booda
sadarkaa biyyaaleessaatti milkaa’ina isaa gamaagamee babal’isudhaaf kan
karoorfamee dha. Barbaachisummaa waraqaa eenyummaa biyyooleessaa
irratti walta’iinsii waliinii ni jira. Waraqaa eenyummaa biyyooleessaawaliin
walqabatee sodaawwanii fi waa’ee gatii isaaf kennamu ilaalchisee mormiin kan
adeemsifamuu ta’u illeen dhuma irratti wanta isaaf ta’u dhimmi murteessuu
garuu murtii tokkoon tokkoon biyyootaati. Waraqaan eenyummaa diijitaalaa
biyyooleessa dinagdee diijitaalaa saffisaan ni foyyeessa.

Hanqinaalee murteessoo furuu


Dhiibbaa misooma irrati qabaatu guddisuudhaaf fi dhiibbaa dhimma dhuunfaa
(privacy) fi hammatamu dhabuu (exclusion) irratti qabu hir’isuudhaaf sirna
waraqaa eenyummaa yoo xiqqaate addaan baasuuf dhimmoota kudhan
qajeeltoowwan misooma itti fufinsa guutuu qaba. Qajeeltoowwan kunneen
yeroo ammaa dhaabbilee idil-Addunyaaa 25, arjomtootaa, dhaabbilee miti
mootummaa fi waldaalee damee dhuunfaa tiin fudhatamummaa argatanii jiru.

Qajeeltowwan misooma itti fufinsaatiif adda baasii ta’an

85
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

3. Sirna waraqaa eenyummaa nageenya isaa eege, sirrii fi


Hunda qabeessummaa
1. Namoota
adda dhuunfaatiif bifa logummaa irraa
ta’e hundeessuu
4. biliisa ta’een
Sirnakkoo dhaloota
(Eco-System) irraa
fedhii hanga du’aatti
fayyadamtoota adda
addaatiif deebii kennu danda’u
qaqqabummaa fi hariiroo
haguggii waliinii cimsu
idil-Addunyaaa
Haguggii fi qaqqabummaa idil-
uumuu
Addunyaaa mirkaneessuu
5. Hundaafuu sadarkaalee banaa ta’an fayyadamu.
2. Qaqqabummaa fi haala fayyadama
Teekinolojiis ta’e dhiheessitota irraa walabummaa
odeeffannoo
mirkaneessu fi teekinolojii irratti wantoota
6. Iccitii
garaagarummaa
dhuunfaa fayyadamtoota
uuman eeguu
dhabamsisuu
fi mala to’annoo
wixeeneessuu
7. Qaqqabummaan gaafii keessa osoo hin galiin karaa hojiin
idilee fi faayinaansiin itti fufinsa ittiin qabaatu karorsuu
Wixinee:

kenniinsa deebii cimaa,


nageenyii isaa eegamee fi itti
fufinsa qabu

Bulchiinsa: 8. Haguggii seeraa fi to’annoo waliigalaa


fayyadamuudhaan iccitummaa, nageenyaa,
Iccitii eeguu fi mirga odeeffannoo fi mirga fayyadamtoota eegsisuu,
fayyadamtoota eegudhaan wal-
9. Iftoominaa fi itti gaafatamummaa dhaabbataa
amantaa cimsuu
uumuu,
10. Murtii iyyata dhihaatuuf kennamu
walabummaadhaan to’achuudhaan haguggii seeraa
raawwachisuu fi wal’amantaa uumuu

Fakkii 7: Misooma itti fufinsa qabuuf qajeeltoo sirna waraqaa eenyummaa

Ibsa gabatee kanaa oliitiin: muxannoo filatamaa waraqaa eenyummaa


diijitaalaatiin ilaalamu qabaata.

86
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Eenyummaan bu’uuraa fi mirga sochii ilma namaati. Faayidaaleen eenyummaa


seera qabeessa wal-qixummaa saalaa, dhiheessii eegumsa hawaasummaa,
hunda qabeesummaa tajaajilaa faayinaansii (financial inclusion), bulchiinsa
fooyya’aa, yaa’iinsa nageenya isaa eeggate, dhiheessii tajaajilaa fayyaa gaarii,
eegumsa baqattootaa fi daa’immanii foyya’aa, abbaa qabiyyummaa lafaatiif
haalota mijataa fi mirgoota qabeenya horachuu ni dabalata. Mootummoota
gamtoomaniin “eenyummaa seeraan beekame hundaaf” yaad-rimeen jedhu fi
galma misooma itti fufinsaa fi ajandaa 2063 Afriikaa nuti feenu ni deeggara.
Ammayyummaan hawaasa Ardii Afriikaa, misooma magaalaa fi walxaxaa
ta’uun gabaa daldalaa dabalaa yemmuu adeemu barbaachisummaan
waraqaa eenyummaa seeraa ni dabala.
Waraqaalee ragaaa fayyaa, qonnaa, sanadoota imalaa, herrega baankii
banudhaaf, filannoo hirmaachuudhaaf, tajaajilaa liqii kennuuf fi tajaajilaa
kanneen kana fakkaatan argachuudhaaf waraqaan eenyummaa ni
barbaachisa. Walitti bu’iinsi Afriikaa keessatti uumaman namoota lakkoosa
baay’ee qaban irratti buqqaatii ni hordofsisa. Gargaarsaa namoomaa
dhiheessuuf fi waliitti bu’iinsi addaan citu hordofee gara hawaasa isaaniitti
ykn biyya isaaniitti deebisudhaaf eenyummaan seeraa jiru rakkisaa ta’a.

Qo’annoo A.L.A 2017 taasifameen namoota shan herrega baankii hin qabne
keessa sababni nama tokkoo dhabamuu waraqaa eenyummaa akka ture
hubatamee jira. Biyyoota guddachuu irratti argaman keessatti haalii kun
dubartoota irratti waan mul’atuuf hamma hirmaannaa isaanii hir’isuu waliin
walqabatee gahee akka qabaatu ilaaluun ni danda’ama. Fkn biyyoota
guddachuu irratti argaman keessaa namoota umrii waggaa 15 qaban keessa
baay’inni dhirootaa fi dubartoota waraqaa eenyummaa hin qabne
dhibbeentaadhaan duraa dubaan 30% fi 45% dha.
Waraqaa eenymmaa diijitaalaa ykn diijitaalaayizeeshinii eenyummaa
jechuun teekinolojii diijitaalaatiin namoota dhuunfaatiif waraqaa
eenyummaa addaa kennu jechuu dha. Waraqaan eenyummaa diijitaalaa
galmee hawaasumaatiifis ta’e waraqaa eenyummaa biyyooleessaa kanneen
biroo, waraqaa eenyummaa baqattootaa, waraqaa eenyummaa namoota
yeroodhaaf iddoo murtaa’e jiraataniif kennamu fi kkf bu’uura ta’e ni tajaajilaa.
Waraqaa eenyummaa keessumattuu odeeffannoowwan baayoomeetiriik
(ashaaraa qubaa, qaroo ijaa, addaan baasii fuulaa fi kkf) fayyadamuudhaan
diijitaalaayizii gochuu, sirna addaan baasii waraqaa bu’uureeffate

87
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

faayyadamuudhaan wanta raawwachuu qabaanu caalaatti namoota dhuunfaa


isa tokko kan biroo irraa sirriitti adda baasuuf nu dandeesisa.
Bu’uuraalee sirna waraqaa Appiliikeeshiniiwwan
eenyummaa diijitaalaa

Addaan baasii addaa Eegumsa Faayinaansii Fayyaa


mirkanaa’e hawaasaa
Irra dedeebii sirna
Madda odeeffannoo waraqaa
diijitaalaa
eenyummaa idilee
odeeffannoowwan
addaan baasii bu’uura hambiisuu
amanamaa qabate
mootummaadhaan
beekkamtii kan argate Qaamooleen
walfakkaataa Namnii dhuunfaa
ykn adda qaamaandhihaate
Ragaaalee fi addaatiin intarneetii Barnoota Qonna Haqa
Amaloota
mirkaneessa diijitaalaa kennamuu ni keessatti kan
addaan
argamu waliin
Fayyadamtoonni sirna
danda’a
baasii
tokko ta’u isaa
gabaa mootummaa fi mir kaneessuu
dhaabbilee dhuunfaatiin bu’uuraa
adeemsisaniin, mirkaneess
dhugumaa eenyummaa uu
isaanii bifa nageenya
isaa eeggateen Gibira Filannoo Kkf
agarsisuuf isaan
dandeesisuu

Fakkii 8: Eenymmaan beekame dandeesisaa misoomaa ta’e yemmuu tajaajiilu

5.2.3. Kaffaltiiwwan diijitaalaa


Haala amma irratti argamu
Tajaajilaa faayinaansii Diijitaalaa gaggeessu waliin walqabatee
Itiyoophiyaan tajaajilaa kana babal’isuudhaaf mijaa’ina dandeessisuu ni
qabdi. Gabaa maallaqaatiif hojimaanni diijitaalaa haalli fudhatamummaa
argachuu isaanii hanga ammaatti Itiyoophiyaa keessatti gadi aanaa ta’u illeen
fayyadama kaardiwwanii waliin yemmuu dorgomu ol’aanaa dha. Namoota

88
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

deebiit kaardii 4% qaban waliin yemmuu dorgomu Itiyoophiyaanoonni 12%


ta’an waggaa darbee qofa kaffaltii diijitaalaa raawwatanii ykn fudhatanii jiru.
Kaardiwwan duubee (credit cards) Itiyoophiyaa keessatti kan hin kennamne
yoo ta’u faayidaa irraa kan oolan lammiilee biyya alaa fi diyaaspooraa
uummata waliigalaa keessaa 0.3% qofa dha. Bu’uuruma kanaan biyyoonni
gitaa kanneen akka Keeniyaa fi Ruwaandaa jiran haala fayyadama maallaqa
bilbiila sochoo’a sirnaa faayinaansii keessatti hammachisuun furmaata
argamsisee jira (Uummata waliigalaa keessaa 73% fi 31%), Itiyoophiyaatti
lakkoofsi kun 1% gadi dha.

Dhiibbaa furtuu adda baasuu


Fayyadama intarneetii gadi aanaa, qaqqabummaa gadi aanaa tajaajilaa
faayinaansii fi jiraachuu dhabuun hubannoo tajaajilaa faayinaansii
dijiitalaa amma jiru haala Itiyoophiyaa kaffaltii diijitaalaatiin fayyadamuu
ni daangeessu. Bu’uuraalee misoomaa muraasaa fi dandeetiin wal-qunnamtiii
amansisaa hin taane babal’achuu tajaajilaa faayinaansii moobaayilaa irratti
dhiibbaa ni geesisa. Jiraachuu dhabuun hubannoo tajaajiiloota kanneenii fi
daangeeffamoonni dandeettii diijitaalaa uummata tajaajilaaatti akka hin
fayyadamne ni taasisa. Dabalataanis kaardiwwan deebitii argachuudhaaf ji’a
tokko ol waan fuudhatuuf fi baankilee gidduutti tajaajilaa isaanii waliin
qindeessuudhaan hojjechuu irratti duubatti kan hafan waan ta’eef maamilli
daandii jijjiiramaa kana fakkaatu fayyadamuun faayidaan dabalataa isaaniif
argamisuu hubachuudhaaf ni rakkatu. Waan kana ta‘eefis Itiyoophiyaa wal-
jijjiirraa maallaqa callaadhaan taasifamuuf amantaa kan qaban yoo ta’u
qaamaan kaffalaa maallaqaa irraa lakkaa’uudhaan fuudhachuu mala jalqabaa
isaanii taasisanii itti fayyadamu. Waan kana ta’eefis malli maallaqa
callaadhaan fayyadamu (83%) maashina kaffaltii maallaqaa awtoomaatikii
fayyadamuun immoo (1%) qofa dha.
Baankiilee gidduutti tajaajilaa qindoominaan kennu irratti daangeeffamaa
ta’uun isaa kaffaltii intarneetiidhaan taasifamuu daangeessee jira. Wal-

89
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

jijjiiraan maallaqaa baankiilee gidduutti taasifamu dhimmi qindominaa isaa


jalqabbii irratti kan argamu yoo ta’u yeroo ammaa kan jiru jijjiirraa anaalogiti.
Gabaaleen kunneen maamila baankii keessatti qaamaan akka argamuu fi guca
waraqaalee akka guutu kan dirqisisanii dha. Baankiileen tajaajilaa boorsaa
elektiroonikii moobaayilaa jalqabuun isaanii tarkaaniifi tokko ta’e waliin
qindaa’anii hojjechuu dhabuun isaanii fi kan wal-dubbisu ta’u dhabuun garuu
daangaa tajaajiilicha dhiphisee jira. Tajaajilaa boorsaa elektiroonikii
moobaayilaa (mobile wallet) fayyadamuudhaaf lammiileen biyyattiii kanaan
dura herrega baankii qaban herrega walfakkaataa dabalataan banu qabu.
Kunis kan wal-faalleessuu dha. Kanaafuu, (i) baankiilee gidduu fi keessatti
wal-tumsuun jiraachuu dhabuu fi (ii) hanqina hubannoo uummataa tajaajilaa
baankii diijitaalaaf qabu fi rakkoon qaqqabummaa kaffaltii diijitaalaa gadi
aanaa taasisee jira. daldala elektiroonikii muraasaa Itiyoophiyaa keessa jiran
kan murtaa’an gabaa dhiheessii maallaqa callaa irratti dha.

Sirni to’annoo taatoonni maallaqa moobaayilaa gara hojiittii akka hin


galee isaan daangeessee jira. Tajaajilaa faayinaansii moobaayilaa kan
heeyyamamu baankiilee waliin yoo qunnaman qofa dha. Kaffaltii moobaayilaa
dhiheessuudhaaf teekinolojiwwan baankiin alaa barbaadaman
kubbaaniyyaawwan tekinooloojii shoora kenna tajaajilaa teekinoloojii irratti
qofa gahee akka qabaatan taasifamee daangeeffamee jira. Kana jechuun
maallaqa moobaayilaa baankileedhaaf akka sirna bittaa taasifamee akka
fuudhatamuu fi tajaajilaa maallaqa moobaayilaa dhiheessuuf dandeettii
kanneen qaban baankiileedhaaf shoora sirnicha deeggaruu kan qaban qofa
taasifamanii akka yaadaman ta’e jira. Waan kana ta’eefiis taatoonni
moobaayilaa maamila fayyadamaa waliin wal-qunnamtii kallattii akka hin
qabaanne ta’uu isaa caalaatti kutaaleen hawaasaa herrega baankii hin qabne
dhiibbeentaa 65 ta’an tajaajilaa kanaan ala akka ta’an isaan taasisee jira.

90
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Furmaata faayinaansii fidudhaaf hudhaalee kalaqaa (inovation) jiraachuu.


Dambiin amma hojii irratti argamu akka agarsisutti kennaan tajaajilaa
teekinolojii qabeenyaalee sammuu hunda waggoota shan keessatti kennu
qabaata. Dambiin kun yeroo ammaa keessa deebi’amaa jira. Dameen
faayinaansii Itiyoophiyaa keessatti argamu lammiileedhaaf qofa kan
daangeeffamee ta’e ulaagaalee seensaa baay’ee nama daangeessan kan qabu
dha (jechuunis kan abbootii aksiyoonaa). Kunis ta’e damee tekinooloojii
faayinaansii xixiqqaa fi kalaqaa irratti hundaa’aniif immoo baay’ee mijataa
miti. Haalli kun haguggii to’annoo Itiyoophiyaa walbira qabamee yemmuu
ilaalamu furmaata faayinaansii diijitaalaa kalaqaan deeggaraman kan
daangeessu taasisee jira.
Kaka’umsa wayitawaa
Taatonni adda addaa tajaajilaa faayinaansii mobaayilaa hojii irra oolchuu
irratti argamu. Garuu ammas filannoon guddachuudhaaf dandeessisuu
baay’eetu jira. Jiraattoonni miiliyoona 110 ta’an baankilee biyyoota jiraniitti
maamiloota hanga miiliyoona 1 ta’an qofti tajaajilaa boorsaa mobaayilaa
kennaa argamu (Baankii Daashin maamiloota 700,000 fi Baankii Daldalaa
Itiyoophiyaa maamiloota 200,000). Kubbaaniyyaawwan baankidhaan ala ta’an
MBirr fi Hello Cash kan hirmaatan ta’u illeen sochoostonni kunneen ammas
haalli dorgomiidhaan yemmu ilaalamu gadi aanaa dha. Hello Kaash (Hello
Cash) maamiloota hanga miiliyoona 1 fi bakka butoota 5000 ta’an kan qabu
yoo ta’u, MBirr immoo yeroo ammaa maamiloota miiliyoona 1.2 fi iddoo
buutoota 6,500 ni qaba. Kaffaltii daldala qinxaaboo Itiyo-swich (Ethio-Switch)
tiin hogganamu qaama tokko irraa gara qaama birootti haala salphaadhaan
dabarsudhaaf kaka’umsa dandeesisu qaba. Haala walfakkaataa gabaan
qinxaaboon ittiin gaggeeffamuun yeroo walfakkaataatti achumatti kaffaltii
raawwachuudhaaf sirna dandeesisuu diriirsuuf mariin taasifamaa jira.

Dhiibbaa jiran yaada keessa galchuudhaan haguggiin to’annoo yeroo


ammaa saffisaan fooyyeeffama gaarii argamsisaa jira. A.L.A 2019

91
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

ministeerii inoveeshinii ti teekinoloojii labsii tajaajilaa diijitaalaa gabaa


elektiroonikii hunda iddoo tokkootti qabaatu baasee jira. Labsiin kun mallattoo
diijitaalaa, nagaheewwan elektiroonikii, eegumsaa fayyadamtoota fi kaffaltii
diijitaalaa ni dabalata. Baankiin Biyyooleessaa Itiyoophiyaa labsii tajaajilaa
baankii kaffaltiiwwan akka kennaman qaama dhaabbilee isaaniif heeyyamame
waan ta’eef dhiheessitoota tajaajilaa maallaqa diijitaalaa, ajaja maallaqaa fi
tajaajilaa inshuraansii akka hammatu taasifamee fooyya’ee jira. Kuniis fedhii
kaappiitaalaa baay’ee xiqqeessuudhaan kubbaaniyaawwan teekinoloojii gadi
aanaan tajaajilaa maallaqa mobaayilaa akka kennan isaan dandeessisa,
dabalataanis yeroo dhihoo bakka bu’ootaa fi dhiheessitoota meeshaa kaffaltii
tiif qajeelfamoonni lama bahanii jiru. Qajeelfamoonni kuni qaamoolee qooda
fudhattoota isaan ilaallatu waliin mariin irratti taasifamee jira. Kun immoo
kaffaltiin intarneetiidhaan taasifamuuf fi maallaqa mobaayilaatiif naannoo
dandeessisaa uumuudhaaf boqonnaa murteessaa isa jalqabaa taasifamee kan
fuudhatamu dha. Tarkaanfiin gaariin inni biroon Itiyo-telekom maallaqa
mobaayila dhiheessuuf tele birr jalqabuu isaati.

Hanqinaalee murteessoo furuu


i. Furmaata hunda qabeessummaa faayinaansii, tajaajilaa maallaqaa
wayitawaa beeksisuu fi furmaata inovetivi kanneen akka maallaqa
mobaayilaa gamaaggamu
- Namoonni boorsaa elektirooniksii mobaayilaatiif galmaahu akka danda’an
qaqqabummaa tajaajilaa maallaqa amma jiran guddisuu (herrega baankii
fi dhaabbilee maaykiroo faayinaansii baratameen (MFIs)
- Filannoodhaan maamiloota kenna maallaqa moobaayila kallatiidhaan
akka argatan heeyyamuudhaan fi ulaagaa fi seensa gabaa mijataa
taasisuu,
- Baankilee fi dhaabbilee maaykiroo faayinaansii addan baasii boorsaa
elektironiki sochoo’a adeemsa ittiin argatan akka salphatu taasisuu,
fayyadamtoonii haaraan herrega baankii yemmuu banan addaan baasii

92
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

boorsaan elektirooniksii mobaayilaa akka qaama herrega baankii


dhiheessu qabaatu.
- Sirna faayinaansii gama boorsaa elektirooniksii sochoo’atiin qaqqabamaa
akka ta’u taasisuun faayidaan qabaatu beeksisaa (jechuuniis iddoo
buutoota boorsaa elektirooniksii sochoo’a dabaluudhaan namoonni iddoo
garaagaraa jiran gara dameelee baankiitti adeemuun isaan irraa hin
eegamu)

ii. Gama ambaasaaddaroota diijitaalaatiin faayidaa mala tajaajilaa


maallaqa waliin wal hin qabanne beeksisuu akkasumas sirna baankii
keessatti kalaqa jajjabeessuu
- Maloota maallaqa waliin wal hin qabanne fayyadamudhaan faayidaalee
argaman kan barsisuu ambaasaaddaroota diijitaalaa adda baasu.
Furmaata boorsaa elektirooniksii mobaayila irratti wal-amantaan akka
jiraatu, Ruwaandaa irraa barnoota fuudhachuudhaan (waa’ee muxannoo
Ruwaandaa miiltoo 2 ilaala)
- Gareewwan baratamaniin jechuuniis daldaltoota, intarpiraayiziwwan
xixiqqaa fi gidduu galeessaa fi bitatoonni fuudhatamummaa kaffaltii
diijitaalaa akka argatan barsisuu,
- Baankileen dhaabbilee jalqabaa teekinoloojii bu’uureeffatan akka
simatanii fi furmaata kalaqaa akka fayyadaman jajabeessuu,
- Baankileen maallaqa qaama tokko irraa gara qaama birootti dabarsuu
waliin kubbaaniyyaawwan walqabatan awutomet akka taasisan
ajajabeessuu,

iii. Qindoomina mootummaa, dambiiwwan damee irra darban


walsimsisudhaan kaffaltii diijitaalaa mijeessuu
- Tarkaanfii waayitaawaa itti fufinsa qabu fuudhachuudhaan kaffaltii
diijitaalaa mijeessuu,
- Gufuulee kaffaltii elektirooniksii dhabamsisuudhaaf bu’aa tarkaanfiin
hordofsisu dursanii tilmaamuu,

93
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

- Koree qaamoolee qooda fuudhatoota hundeessuu fi sadarkaa guuddinaa


hordofuu fi gamaagamuu,

Yaada gorsaa Hunda qabeessummaa faayinaansii hojmaata haaraa maallaqa


1
Kaffaltii dijiitaalaa mobaayilaa tajaajila faayinaansii jiru keessatti akka hammatamu
jajjabeessuu

Haala itti fayyadama:


2
 Ambaasaadaroota dijiitaala fayyadamuudhaan faayidaa sirna
kaffaltii sanadaa beeksisuu,
 Sirna baankii keessatti kalaqa jajjabeessuu.
Qindoomina dhaabbata mootummaa: sababa dambiilee dhaabbiilee
3 hedduu ilaallataniin kaffaltiin dijiitaalaa akka hin gufanne
dhaabbilee mootummaa gidduutti qindoomina uumuu

5.3. Hariiroo diijitaalaa mootummaa, damee dhuunfaa


fi lammiilee gidduu jiru

5.3.1. Bulchiinsa elektiroonikii /E-Governance/


Kenna tajaajilaa uummata biyyattii bulchiinsi elektiroonikii salphaatti
qaqqabamaa hin taane (Fkn: Barnoota, Fayyaa) babal’isuudhaaf ni gargaara,
akkasumas bu’aa qabeessummaa fi gahumsa kenna tajaajilaa fooyyeessuu ni
danda’a. Ajandaan fooyyeessa dinagdee kan ta’e galii biyya keessaa sassaabuu,
gamaaggama taaksii, haala sassaabbii fi amanamummaadhaan gibira kaffaluu
fi wantoota kana fakkaatan fooyyeessuudhaaf ni gargaara. Dabalataanis hojii
daldalaatiif naannawa mijataa uumuun misooma damee dhuunfaa
deeggaruudhaaf kan gargaaru ta’uu isaa caalaa dameelee kanaa olitti
tarreeffaman dabalataan invastimantiiwwan hawwachuudhaan shoora
dinagdee deeggaruu fi adeemsa isaa ariifachiisuu ni qabaata.

Hanqinaalee birokraasii dhabamsiisuudhaan invastimantii hawwachuu fi


bu’aa qabeessummaa intarpiraayiziwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa
fooyyeessuu irratti fedhiin saffisaa ni jira. Kun mootummaadhaan dursi kan
isaaf kennamuu dha. Furmaata diijitaalaa barsiifachuun itiyoophiyaan

94
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

mijaa’ina hojii daldalaa amma irratti argamtu sadarkaa 159 irraa haala
ol’aanaadhaan akka fooyyeessitu gargaaruu ni danda’u.

Haala yeroo ammaa irratti argamu

Hanqinni kaappitaalaa, humna namaa fi bu’uura misoomaa jiraatu illeen


mootummaan Itiyoophiyaas ta’ee naannoo Oromiyaa hojiilee bulchiinsa
elektiroonikii adda addaa irratti fooyyeeffamoota argamsiisee jira.
Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii bulchiinsi elektiroonikii biyyoota
akeektuu misooma ICT fayyadamuudhaan tajaajilaa mootummaa
lammiileedhaaf qaqqabsisuu akka safartuutti kan fudhatu yoo ta’u
matadureewwan xixiqqaa sadii ni qabata. Kaappiitaala, humna namaa,
bu’uura misoomaa fi tajaajilaa bulchiinsa elektiroonikii dhiheessuuf OSI
biyyoota 2018 sadarkaa 0 (gadii aanaa) hanga 1(ol’aanaa) madaaluudhaan ni
gamaaggama. Itiyoophiyaan 0.6 galmeessisuudhaan Keeniyaadha gadi yoo
taatu qabxii Naayijeeriyaa 0.5 fi Ruwaandaa 0.7 gadi ta’e qabdi. Agarsiiftoota
kanneen biroo caalaa ICI irratti bu’aa guddaa kan fidan biyyoota muraasaa
addunyaa keessaa Itiyoophiyaan ni argamti. Kun haalota kaappiitaalaa,
humna namaa fi bu’uura misoomaa kan hammatu ta’u illeen Mootummaan
Itiyoophiyaa bulchiinsa elektiroonikii diriirsuudhaaf guddina yaaliiwwan
taasifaman irratti guddina argisiisee jira.
Sadarkaa misoomaa bulchiinsa elektirooniksii waliigalaa irraa biyyattiiin A.L.A
2016 irraa eegalee dinagdeewwan 180 keessaa sadarkaa 151 kan qabate yoo
ta’u waggoota dhihoo as fooyya’insi jiraatullee Itiyoophiyaan qabxii giddu
galeessa idil-addunyaa 0.549 gadi waan taateef ammas fooyyeessuu akka
qabaattu kan agarsiisuudha.

Rakkoolee/Dhiibbaalee furtuu Adda baasuu

Hanqinaaleen bu’uura misoomaa fi muxannoo tajaajila dhiheessii tajaajila


bulchiinsa elektiroonikii irratti dhiibbaa qaba.Bu’uurri misoomaa

95
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

daangeffamaa fi dandeettiin wal-qunnamtii amansisaa hin taane tajaajilli


elektiroonikii akka addaan citu ni taasisa. Dabalataanis dhaabbilee
mootummaa gidduutti fudhatamummaa fi itti fufiinsi jiraachuu dhabuun
akkasumas hojjettoota mootummaa fi fayyadamtoota keessatti daangeffamuun
muuxannoo diijitaalaa haala fayyadama tajaajila bulchiinsa elektiroonikii
gufachiisuu ni danda’a.
Yeroo ammaa baay’inni tajaajilootaa xiqqaa dha. Tajaajila elektiroonikii
kennuu kan danda’anis dhaabbilee jaha qofaa dha. Hidhata bu’uura misooma
dadhabaa fi muxannoo diijitaalaa daangeffamaa dhaabbatichaatiin
mootummaan humna guutuu isaatiin tajaajila elektiroonikiii akka hin
kennineef sababoota gufachisuu danda’an keessaa kanneen caqasamanii dha.
Haala Bulchiinsa elektiroonikii /E-Governance/ Oromiyaa

Oromiyaa keessatti bara KGT 1ffaa keessatti kenniinsa tajaajila mootummaa


ofumeessuun manneen hojii sadarkaa naannoo lakkofsaan 20 ta’aniif sirna
bulchiinsa odeeffannoo (MIS) 45 misoomsee hojiitti seenee kan ture yoo ta’u
kan milkaa’an garuu manneen hojii 2 (ATGO,BPSMQNO) keessatti
appilikeeshinoota 3 qofa.Manneen hojii 4 (BMWD,BGO,BDO fi BPSMQNO)
keessatti ammo appilikeeshinootni Federaalaa irraa gadi bu’aa hojiirra
oolaniiru.Sababni isaa gadi fageenyaan qorannoo kan barbaadu yoo ta’e illee
dhimmoonni ijoon sababa ta’an kanneen armaan gadiiti.
 Dhaabileen gorsaa MIS misoomsuuf kontiraata fudhatan fedhii
(Requirments) sirriitti qoratanii dookumantti gochuu dandeettii fi
muuxannoo gahaa dhabuu
 Mana hojii (EMTQOO) keessatti muuxannoon pirojektii TQO bulchuu (IT
project management practices) gadi-aanaa ta’uu
 Sektaroota MIS misoomeef biratti fedhii dhabuu irraa kan ka’e deggersaa
fi hordoffii irratti xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu
 Haalli caaseffama sektaroota mootummaa yeroo yeroon waan jijjiiramuuf
yeroo sektaroonni walitti makaman fi addaan bahaan fedhiin

96
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

(Reuirements) duraan qoratame irra deebiin qorachuu fi appilkeeshniin


misoome irra deebiin fooyyessuu (customize) gochuuf yeroo fudhata.

5.3.1.1 Siistama Barnoota TQOn Deeggarame Ijaaruu (Establish ICT


Enabled Education System)

Haala amma jiru


Siistamni barnoota amma hojiirra jiru beekumsa fi dandeettii jaarraa 21ffaa
keessa barbaadamu (yaada kalaqaa,rakkoo hiikuu danda’uu,gamtaan toora
marsariitiin hojjechuu fi carraa hojii uumuu kkf).irratti kan xiyyeeffate miti.
Ragaaa kitaabaa waggaa (maxxansa bara 2012 A.L.I ) Biiroo Barnoota
Oromiyaa irraa argameen manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa mootummaa
lakkofsaan 13, 824 keessaa humna ibsaa kan qaban 3,989 (%26.7) yoo ta’an
fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa mootummaa lakkoofsaan 1175 humna
ibsaa kan qaban 875 (%74.5) ta’uun isaanii beekamera.Ragaaa kana irraa kan
hubachuun danda’amu maneen barnoota sadrkaa 2ffaa keessatti waliin
gahiinsa TQO/intenetii babal’isuuf carraa gaariin kan jiru yoo ta’u manneen
barnoota sadarkaa 1ffaa hedduun humna ibsaa waan hin qabneef karoora
tarsiimaa’aa waliin gahiinsa interneetiif bu’’ura kan ta’e sarara humna ibsaa
babali’suun xiyyeeffannoo guddaa barbaada.Kanaafuu qaamni qooda
fudhattootaa BBO waajin qindoominaan hojjechuu barbaachisaa dha.Manneen
barnootaa mootummaa sadarkaa 2ffaa keessa baayyinni kompiitraa 37144 kan
jiru yoo ta’u hojii bulchiinsaatiif kompitaroota 13494 hojii baruu fi
barsiisuutiif kompiitaroota 23650 kan jiru yoo ta’u ,kanneen keessaa
kompitaroota 5596 (%23.7 sarara interneetiitin kan walquunnamanii jira
ta’uun beekameera. Wagitiinsa (Ratio) baayyina barattoota kutaa 9-12
=1,289,027 (dhi 740,081 ,dub 548,946) fi kompiitaroota sarara interneetii
qaban wajjin yeroo ilaalamu 0.43 ta’a.Daataa kana hubachuun danda’mu
barattoonni guyyaa guyyaan odeeffannoo fi beekumsa saayinsii fi teekinoloojii
addunyaan irra geesse argachaa akka hin jirre agarsiisa.dabalataanis ragaa
kitaabaa waggaa waggaan maxxanfamu irraa hubachuun akka danda’ametti
manneen barnootaa keessatti mana kitaabaa duubatti hafoo
97
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

(Traditional/Physical libraray) malee “Digital Libraray” akka hin jirre


hubatameera,Kanaafuu Biiroon Barnoota Oromiyaa fi Abbaan Taayitaa
Saayinsii fi Teekinoloojii Oromiyaa qindoominaan piojektii waliin gahiimnsa
sarara birood baandi interneetii fi tajaajiloota toorarraa fkn “Digital Library
System” bocuu fi hojiirra oolchuun murteessaa dha.
i. Tajaajilaa bulchiinsa elektirooniksii caasaa mootummaa keessatti
qindomina cimaa akka qabaatan taasifamanii wixineeffamu qabaatu
- Dhaabbileen mootummaa daataa walqabatan hirmaachuu akka danda’an
imaammata hirmaannaa daataa iftoomina qabu gara hojiitti galchuu,
- Kaka’umsa daataa banaa taasisuu kanaan dura eegalaman (open data)
jabeessuu,
- Kaka’umsa daataa kanaan dura eegalaman banaa taasisuu (open data)
jajjabeessuu,
- Waa’ee tajaajila bulchiinsa elektiroonikii qophii ta’anii lammiileedhaaf
beeksisuu fi hubannoo qabsiisuu,
- Poortaaliiwwan eleketiroonikii misooman nama irratti akka xiyyeeffatan
akka ta’aniif fooyya’insa daldalaa gochuudhaan tajaajila haaraa fedhii
fayyadamtootaa guutanii fi hojjettoota mootummaa bu’aa qabeessa taasisan
hojii irra oolchuu.
ii. Mijaa’ummaan hojiilee daldalaa raawwachuudhaaf qabu (EoDB) fi
jajjabeessituuwwan taaksii elektiroonikii waliin walqabatee walxaxiinsa
too’annoo fi baasilee hir’isuudhaaf teekinoloojiin diijitaalaa bu’aa qabeessaa
dha.
- Tajaajilaa elektiroonikiitiif haguuggii dandeessisaa seeraa fi sirnaa
uumuu,
- Poortaaliiwwan eleketiroonikii dizaayin gochuu fi dandeessisaa kaffaltii
elektiroonikii qopheessuu, nagaheen elektirooniksii , mallattoo
elektiroonikii,
- Tajaajila eleketiroonikii hanga wal-jijjiirraa jalqabaa hanga dhumaatti
jiru qindoomina kan qabu gochuu

Yaada gorsaa 1 Tajaajilli bulchiinsa elektiroonikii dhaabbilee mootummaa adda addaa kan
Bulchiinsa elektironikii qindeessanii fi lammiillee irratti kan xiyyeeffatan ta’uu qabaatu

2 Taaksii elektironikii fi EoDB waliin walqabatee baasilee fi bu’aa bahii


jiran hir’isuudhaaf teknoloojii dijiitaalaa hojii irra oolchuu,

98
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

5.3.2. Gabaa elektirooniksii /E-Commerce/


Baratamuun daldala elektirooniksii qaqqabamaa ta’u gabaa (biyya keessaa fi
idil-addunyaa) fooyyeessuudhaaf kan gargaaruu ta’uu isaa caalaa
Itiyoophiyaan sirna daldalaa cimaa akka qabaatu ni gargaara. Dabalataaniis
biyyattii keessatti invastimantii bal’inaan harkisuuf fi kalaqa gabbisudhaaf
gargaaruu ni danda’a. Mootummaan dandeettiii kana ijaaruudhaan fi
hubachuun ajandaa haromsa dinagdee biyyooleessa keessatti hammachisee
jira. Damicha gabbisuudhaaf cichomina kan qabu ta’uu isaa ifaan agarsisee
jira. Yeroo ammaa Itiyoophiyaan qophaa’ummaa gabaa elektirooniksii irratti
sadarkaa 141 irratti argamti. Kanaaniis biyyoota Afriikaa kanneen akka
Naayijeeriyaa (75), Afriikaa Kibbaa (77) fi Keeniyaa (89) fakkaatan booddeetti
argamti. haata’uu malee, damichaaf xiyyeeffannoon yoo kennamee fi
qulqullinaan yoo hojjatame guddina saffisaa galmeessisuun ni danda’ama.

Haala yeroo ammaa irratti argamu


Gabaan elektirooniksii akaakuu hundaan jalqabbii saffiisa hin qabne qaba
ture, guddinichaaf dandeettii guddaatu jira.
Akka biyyaatti gabaa elektirooniksii adeemsa jalqabbii irratti kan argamu ta’u
illeen guddinichaaf carraaleen gurguddoon jiraachuun isaanii ilaalamuu ni
danda’a. Itiyoophiyaan Ardicha keessaa lakkoofsa uummataa ol’anaa sadarkaa
2ffaa fi gabaa biyya keessaa bal’aa kan qabdu dha. Akkaataa ibsa daldalaa fi
misoomaa dhaabbata mootummoota gamtomanitti A.L.A 2018 Itiyoophiyaan
dhaabbilee fi fayyadamtoota daldalaa gidduu (B2C) gabaan elektirooniksii jiru
dhiibbeentaa 17.8 ta’e galmaa’u illeen (lakkoofsi kun kan Naayijeeriyaa 54.7,
Keeniyaa 46.2, Ruwaandaa 32.7 gadi dha) miidiyaalee hawaasaa kanneen akka
Telegram jiran irratti sochiin daldala elektirooniksii al-idilee ilaalamuun isaa
humni guddinaa jabaan jiraachuu isaa ni agarsisa. Oomishaaleen Itiyoophiyaa
kanneen akka buna, huccuu fi bu’aalee gogaa fakkaatan sadarkaa idil-
addunyaatti beekkamtii fi maqaa gaarii kan horatan yoo ta’u kunis
interpiraayiziwwan xixiqqaa fi gidduu galeessa naannawaatiif carraa gabaa

99
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

haaraa banuu ni danda’a. Dabalataaniis daldaltoonni qinxaaboo biyya keessa


0.5% gara gabaa elektirooniksii galchuudhaan carraalee hojii hanga 100,000
uumuu ni danda’a.
Odeeffannoo agarsiisa Afriikaa keessatti guddina gabaa elektirooniksii fi
Itiyoophiyaatti qophaa’ummaa gabaa elektirooniksii

Afriikaatti galii gurgurtaa gabaa elektirooniksii Biyyoota Afriikaa filatamaniif sadarkaalee agarsisan
fayyadamtoota irraa argame (dolaara Ameerikaa gabaa elektirooniksii
biiliyonaan)

75 77 81
Naayijeeriyaa Afriikaa Kibbaa Moorokoo
Gatiiwwan waggootan kanaaf ibsaman
raajii tilmaamaati

80
70
60 89 99 141
50
40 Ugaandaa Itiyoophiyaa
30
20
10
0
2015 2017 2025 Keeniyaa

Gatiiwwan waggootan kanaaf ibsaman raajii tilmaamaati

Fakkii 9: Odeeffannoo agarsisa Afriikaa keessatti guddina gabaa elektirooniksii fi Itiyoophiyaatti qophaa’ummaa
gabaa elektirooniksii

Dhibbaalee furtuu adda baasuu


Dameeleen faayinaansii fi lojistiksii guddina dadhabaa qaban gurmaa’insa
tajaajilaa gabaa elektirooniksii tiif dhiibbaa cimaa qabu.
Itiyoophiyaanoonni gita isaanii qaxanicha hedduu irraa tajaajilaa faayinaansii
ammayyaawaa carraan argachuu isaanii baay’ee gadi aanaa dha. Kunis
keesumattuu carraa gabaa elektirooniksii ni gufachisa. Waan kana ta’eefis
Itiyoophiyaa keessatti kaardiwwan liqii baankilee biyya keessaa hundumatti
hin tamsaane. Kanaafuu, baay’inni abbaa qabeenyummaa kaardii deebiti
dhiibeentaadhaan kan Keeniyaa 38% ykn kan Naayijeeriyaa 32% irraa baay’ee

100
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

kan xiqqaatu dha. Kunis kaffaltii diijitaalaa barbaachisaa akaakuu kamiiyyuu


kan gufachisu dha. Haalli kana fakkaatu waltajjii gabaa elektirooniksii haala
sirriidhaan hojjatu irratti baay’ee barbaachisaa dha. Dabalataanis
daangeeffamni to’annoo baankilee adda addaa fi boorsaa elektirooniksii
diijitaalaa gidduu wal-deeggarsa jiru ni daangeessa. Kunis baasii dizaayina
gabaa elektirooniksii fi raawwii hojii ni hordofsisa.
Jiraachuu dhabuun sirna teessoo biyyooleessaa baasilee wal-jijjiiraa
hedduu hordofsisa. Saffiisa kenna tajaajilaa sirna teessoo dabaluudhaaf, hojii
kaartaa si’eessudhaaf fi bulchiiinsa magaalaa fooyyeessudhaaf akka kuusaa
odeeffannoo Ji’ograafii fi naamoomaa ta’e tajaajiiluu ni danda’a. gidduu gala
magaalaa akka Finfinnee fakkaatan keessatti harkaan gahuun maayila isa
dhumaa hojii humnaa guddaa kan gaafatu dha. Sababnii isaatiis hojjettoonni
teessoo isaanii argachuu isaaniitiin dura yeroo tokko ol bilbiiluudhaan
namoota kallatti gaafachuu qabaatu.
Hojimaanni qindoomina qabu gufuulee haguggii seeraa dhabamsisuudhaaf
fi rakkoolee kana hir’isuuf shoora guddaa qaba. Haguggiin waliigalaa
imaammataa fi seeraa gabaa elektirooniksii deeggaru (jechuuniis wal-jijjiirraa
gabaa elektirooniksii (tiraansaakshinii elektirooniksii ) tiif labsiin) raggaa’e jira.
Dabalataaniis manneen hojii abbaa taayitaa gidduutti akkaataan wal-
qunnamtii jiru dhimma ilaalamuu qabaatu dha. Hojiin amala damee hedduu
kan qabu ta’u isaa, wantoota dhorkanii fi jijjiirama to’annoo tilmaamamuu hin
dandeenye guddina itti fufinsa hojii gabaa elektirooniksii Itiyoophiyaa qoruu ni
danda’u.
Gabbachuu dhabuu fayyadamummaa intarneeti fi tajaajiilli amantaan irra
hin kaa’amne Itiyoophiyaa keessatti gabaa elektirooniksii tiif dhibbaa
gurguddoo dha.
Gabbachuu dhabuun fayyadamummaa intarneeti, daangeeffamuun intarneetii
guddaa qabuu fi jiraachuu dhabuun tajaajilaa nageenyii isaa eegame
fayyadamaa fi gabaa elektirooniksii muxannoo haala itti fayyadama irratti
sadarkaa ol’aanaadhaan dhiibbaa ni geessisa. Kunis baasiin daataa fi

101
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

hardweerii (taariifa fichisisummaa ol’aanaa) tiin caalmaatti miidhaa ni


geessisa. Dhaabbileen daldalaa tajaajilli telekom amansisaa hin taane hojiilee
isaanii irratti irra deddeebiidhaan gufuulee kan uuman ta’uun isaanii ni
ibsamu.

Kaka’umsa amma jiru


Tarkaanfileen mootummaa fi taatoota kanneen birootiin jalqabamn
guddina damichaa ijaaruu irratti argamu.
Gabaalee elektirooniksii , nagaheewwan elektirooniksii , to’achuudhaaf labsiin
waliigalaa raggaasifamee jira. Baankiin Biyyooleessaa Itiyoophiyaa taatoonni
damee dhuunfaa tajaajilaa faayinaansii diijitaalaa akka kennan gochuudhaan
kaffaltii qaqqabamaa ta’e hundeessuudhaaf dambiilee dandeessisan
qopheessee jira. Sirnichi caalmaatti iftomiina ni fida. Dabalataanis daandiin
xiyyaaraa Itiyoophiyaa naannawaa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee
Finfinneetti kuusaawwan jiran keessatti tajaajila lojistikii ammayyaawaa
gaggeessitoota invastimantii gargaaru kennuudhaaf dabarsa idil-addunyaaa
DHL waliin hojjechuudhaaf waliigaltee irra gahamee jira. Gamtaan poostaa
idil-addunyaaa (UPU) gabaa elektirooniksii irratti kan xiyyeeffatee tajaajilaa
lojistiksii hundeessuuf mootummaa waliin ta’uun sanada walta’insa waliinii
mallatteessee jira. Jalqabbiiwwan gabaa elektirooniksii akkasuma akka
deggartummaa idil-addunyaa furtuutti mul’achuu jalqabanii jiru.
Mootummaan Itiyoophiyaa taatoota gabaa elektirooniksii murteessoo
Chaayinaa waliin imala ergama daldalaa qabanii fi sadarkaa hoggansa
ol’aanaatiin walgahiwwan gaggeessee jira. Kaayyoon adda dureen hidhata
uumuudhaan ce’uumsa beekumsaa gochuu fi industiriiwwan xixiqqaa fi
gidduu galeessa fi gabaa elektirooniksii waldeeggaruudhaan misoomsuu dha.

Hanqinaalee murteessaa furuu

102
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

i. Tarkaanfii imaammataa: Daldala elektirooniksii tiif naannoo mijataa


fooyyeessuudhaaf imaammata, dambiiwwanii fi madaalchisuudhaaf
kanneen gargaaran ni baasa
- Labsii gabaa elektirooniksii ministeeraa inoveeshinii fi teekinoloojiitiin
qophaa’e hojii irra oolchuu fi hordofuu,
- Beekkamtii seeraa nagaheewwan elektirooniksii gamaagamuu fi hojii
irra oolchuu,
- Gabaa sararaa irratti eenyummaa mirkaneessuu fi qunnamtiiwwan
elektirooniksii amansisaa taasisuuf tarkaanfii bu’uuraalee misoomaa
(public key infrastructure-PKI) mootummaa yaada keessa akka galan
gochuu,
- Kubbaaniyyaawwan gabaa elektirooniksii kanneen daangeessan
dambiiwwan sirrii hin taane ittisuudhaaf dhaabbilee gidduutti
qindomina fi qunnamtii jabaa uumuu,
- Oomishaalee haaraa gara gabaa galan sirna taaksii keessa galchuudhaaf
akkuma barbaachisummaa isaatti dambii gumrukaa jijjiiramaa mala
ittiin qopheessan hordofuu,

ii. Lojistiksii: Mootummaa fi qaamooleen qooda fuudhattoota dhuunfaa


damee lojistiksii jabaa ijaaruudhaaf waliin hojjechuu qabaatu.
- Hanqinaalee bu’uura misoomaa fi imaammata gamaagamuudhaaf
xiyyeeffannoo gochuu, mootummaan dursa kenne bu’uura misooma
daandii hojjechuu qaba. Kanaaniis oomishaaleen guutuu biyyatitti
geejjiibamuu ni danda’a.
- Bu’uura misooma barbaachisaa guutuudhaaf (kuusaa fi gidduu gala
tamsaasaa) tiif invastimantii hawwachuu,
- Gabaa elektirooniksii biyya keessaa fi daangaa cee’uu
raawwachisuudhaaf dandeettii taatoota lojistikii biyya keessaa kanneen
akka dhaabbata poostaa Itiyoophiyaa jiran ijaaruu fi cimsuu,

103
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

- Gamtaan poostaa addunyaa waliigaltee gidduu gala gabaa elektirooniksii


ijaaruudhaaf gale raawwachuudhaaf humna raawwachisa waliinii
gurmeessudhaan tarree qorannoo fi haguggii raawwii qopheessuu,
iii. Iddoowwan gabaa elektirooniksii : Sagantaalee filatamoo
fayyadamuudhaan kaappiitaalaa hawwachuu fi iddoowwan gabaa
ijaaruudhaaf carraalee gabaa dhiibbaa ol’aanaa qaban gara hojiitti
galchuu.
Iddoowwan gabaa amma jiran gabaa elektirooniksii jalqabsisuudhaafis ta’e
babal’isuuf hanqina kaappiitaalaa fi dandeettii ni qabu. Gabaa
elektirooniksii adeemsa gara hojiitti galchuu ariifachiisuudhaaf cancala
sonaa dhibbaa ol’aanaa qaban filachuudhaan kanneen irrattis
xiyyeeffachuun kaappitaalaa, beekumsaa fi muxannoo barbaachisaa
qabatanii invastaroota dhihachuu danda’an jajabeessuun ni danda’ama.
Adeemsii kun carraalee gabaa of-eggannoodhaan sakatta’uu, moodeela
biiznasii gadi fageenyaan gamaaggamuu, tarsimmoo babal’ifannaa
dhugomsuudhaaf dirrewwan barbaachisoo ta’an ijaaruu fi kkf nidabalata.

Yaada gorsaa 1
Imaammata: Imaammata gabaa elektironikii guddisan, dambiilee fi
Gabaa elektironikii sadarkaalee gargaaran baasuu, hojii irraa oolchuu
Lojistikii: Dhaabbileen mootummaa fi damee dhuunfaa waliin
2 ta’udhaan damee lojistikii cimaa ijaaruu
Iddoo gabaa elektironikii: sagantaalee kaappiitaalaa hawwachuu fi
3 iddoo gabaa ijaaruu danda’an gurmeessudhaan carraa gabaa
dhibbaa gaarii uuman uumuu

5.4. Sirnakkoo (Ecosystem) diijitaalaa

5.4.1. Faayinaansii
Haala yeroo ammaa irratti argamu

104
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Qaqqabummaan faayinaansii rakkoolee hojii daldalaa adda duree


intarpiraayiziwwan barbaachisan keessaa isa tokkoo dha. Qorannoo
dhaabbilee baankii addunyaa keessatti dhaabbilee hammataman keessaa
dhiibbeentaa 40 kan ta’an rakkoolee biroo kamiyyuu (Fkn: humna elektiriikii,
shallaggiiwwan gibiraa fi kkf waliin rakkoolee walqabatan) caalmaatti
dhiheessiin maallaqaa misooma isaaniitiif gufuu isa jalqabaa akka ta’e adda
baasanii teesisanii jiru. Itiyoophiyaan liqii argachuudhaaf carraan qabdu
biyyoota Afriikaa gita ishee 15 waliin yemmuu ilaalamuu gadi aanaa dha. Fkn:
kan Keeniyaa (90), kan Naayijeeriyaa (85) fi kan Ruwaandaa (95) dha.
Nageenyaa fi tasgabbii kannen hin qabnee biyyoota akka Chaad (30) fi
Dimokraatik Riipabliiik Kongoo (30) waliin yemmuu ilaalamu kan Itiyoophiyaa
xiqqaa dha.
Itiyoophiyaa keessatti dhiheessin liqii damee dhuunfaa gadi aanaa (12%) yoo
ta’u gama birootiin keeniyaatti (29%) fi Baangilaadishitti (48%) dha. Kanaafuu,
maallaqnii intarpiraayiziiwwan xixiqqaa fi gidduu galeessaatiif ta’u kan argamu
qusannoo ykn namoota biroo irraati. Madda faayinaansii beekamaa ta’an:
Baankii irraa 1% gadi, waldaalee liqii irraa 2% fi dhaabbilee maaykiroo
faayinaansii irraa 5% bakka bu’u.

Madda: Gabaasa foramii dinagdee addunyaa dorgomii idil-addunyaa 2018 (Itiyoophiyaa)

105
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Fakkii 10: sochii biznasii Itiyoophiyaa keessatti gufuulee mul’atan

Dhiibbaa furtuu adda baasuu


Mootummaan deeggarsii faayinaasnii jiraachuu ibsuu illeen haalli
maallaqicha argachuu garuu baay’ee rakkisaa dha. Fandii inoveeshinii,
Baankii Misoomaa Itiyoophiyaa fi maddi maallaqaa dameelee invastimantii
birootiin jiran qaqqabamaa ta’u dhabuu fi dhaabbata maallaqaa
fooyyeessudhaaf haala gargaaran irratti haanqina beekumsa ni qabu.
Baankiileen daldalaa qaama yaalii kalaqa hojii biyyooleessaa ta’anii ICT irratti
kan xiyyeeffatan intarpiraayizoota xixiqqaa fi gidduu galeessa maallaqa akka
dhiheessan gaafatamanii jiru. Garuu raawwiin isaa haalli rakkisaan mudate
jira. Kanneen akka qabeenya sammuu ykn karoora daldala irratti
hundaa’udhaan liqii kennudhaaf filannoowwan qabeenya qabatamaa fi
salphaatti ilaalamuu danda’an ilaaluu irratti argamu.
Itiyoophiyaa keessatti gama dhiheessi maallaqaatiin garaagarummaan
dhiiraa fi dubartoota gidduu jiru biyyoota Afriikaa kanneen biroo irraa kan
caaluu fakkaata.

A.L.A 2015 bu’uura qo’annoo baankii addunyaa maxxanfameen


qaqqabummaan faayinaansii akka dhiibbaa adda dureetti kubbaaniyyaawwan
adda baasan keessa hojii gaggeessaa ol’aanaan dhiira kan ta’e dhiibbeentaa 19
gadi yemmuu ta’u dhibbeentaa 49 ol kan ta’an immoo hojii gaggeesitoonni
ol’aanaan dubartoota dha. Iyyannoowwan liqii qalchuudhaan fi fuudhatama
argachuu waliin walqabatee naannoolee gidduutti garaagarummaan jiraachuu
isaa ilaaluun danda’amee jira. Magaaloota gurduddoo akka Finfinnee, Dirree
Daawaa fi Maqalee jiran gidduu gala daldalaa biyyaatti ta’uu isaanii waliin
walqabatee qaqqabama fooyyaa ni qabu.
Hojiilee karooraa yeroo ammaa jiran
Wal-bira qabamee yemmuu ilaalamu qaqqabummaan maallaqaa hanqina kan
qabu ta’uu illeen, baay’ina kubbaaniyyaa teekinoloojii haaraa uumaman fi

106
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

mootummaan deeggarsa damee kanaaf kennu irraa kan ka’e Itiyoophiyaa


keessatti kalaqnii hojii teekinoloojii guddachaa jira.
Kubbaaniyyaawwan kalaqa hojii teekinoloojii jalqabaa saddeetama 2018 irraa
eegalee invastaroota dhuunfaa KUT fi veencharii kaappiitaalaa dhuunfaa
dolaara Ameeriikaa miiliyona 11 argachuu danda’anii jiru. (Fkn:
managedastar, Cerberus, Renew kkf).
Kanaafiis baay’ee barbaachisaa kan ta’e inkubeetariiwwan fi qaamoolee
gabbistoota jalqabaa 15 (Fkn: blue moon, addis-addis, gabbiisa
kubbaaniyyaa teekinoloojii jalqabaa, hundeeffamuu isaaniiti. Jalqabdoota
teekinoloojii bu’uureeffataniif tajaajilaa deegarsaa ni dhiheessa.
Mootummaan dandeettii guddaa kalaqa hojii teekinoloojii ijaaruudhaan
kanneen akka sagantaa kalaqa hojii biyyooleessaa, fandii kalaqa biyyooleessaa,
agarsisa ICT waggaa, kaafee saayinsii fi gidduu gala kalaqaa irratti tarkaanfii
hedduu fuudhachaa jira.
Ministeerii inoveeshinii fi teekinoloojii sagantaa inkubeetarii
biiznasiibiyyooleessaatiin qofa osoo hin daangeeffamiin sagantaalee
walqabatan kanneen biroo fayyadamee sochiilee kalaqa hojii teekinoloojii
bu’uureeffatan deeggaruu waliin walqabatee shoora murtteessaa ni qaba.
Ministeerri inoveeshinii fi teekinoloojii sadarkaa biyyaaleessaatiin sirnakkoo
(Ecosystem) teekinoloojii jabeessuudhaaf ergama kan qabu yoo ta’u hojiilee
hedduu raawwachaa argama. Kanneen keessaa sagantaa inkubeetarii
biyyooleessaa fi fandii inoveeshinii biyyooleessaa Magaalaa Finfinneetti hojii
daldala jalqabaa teekinoloojii mana keessaa irratti bu’uureeffate
gabbisuudhaan fi fandii inoveeshiniidhaaf maallaqa Itiyoophiyaa Qr. Miiliyoona
100 sochoosuudhaan dhiibbaa gaarii uumuudhaaf carraaquu irratti argama.
Gara fulduraatti guutuu addunyaatti moodeelota milkaa’ina qaban yoo
guddisanii fi barnoota faayidaa qabeessa kana kennan muxannoowwan
guutuu addunyaatti argaman irraa barachuudhaaf fedhii guddaa qaba.
Safartuu milkaa’ina furtuu ka’umsa godhachuudhaan bu’aa karoorfame fiduu
waan danda’aniif guutuu Hindiitti, Maayinaamaar, Keeniyaa, Ruwaandaa fi

107
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Kooriyaa Kibbaatti inkubetariiwwan argaman akka muxannoo gaariitti adda


baafamanii jiru.

Ministeeraa inoveeshinii fi teekinoloojii keessatti pirojaktiwwan


gamaagamamaniif liqii mijeessudhaaf baankii daldala Itiyoophiyaa waliin
hojjechuuf waliigaltee irra gahamee jira. Kunis hojiii uumtoota teekinoloojii
bu’uureeffataniif deeggarsa faayinaansii ka’umsaa akka argatan isaan
dandeesisa.

Hanqinaalee murteessaa furuu


i. Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa damee ICT irratti leecaaloo
isaanii akka dhangalaasan jajabbeessuu
Mootummaan damee dhuunfaa waliin faayinaansii qooda isaanii baasii
gochuudhaan hojimaata sodaa jiru hirmaatan diriirsuun fedhii fi
kaka’umsa damee dhuunfaa ni guddisa. Gumaachaa abbootii qabeenyaa
naannawaa muraasaa ta’an fandii jajabeessituu qooda taphachuudaaf
isaan dandeesisuu uumuu fi dameen ICT akka babal’atu gochuu.
- Abbootiin qabeenyaa invastimantiidhaaf yemmuu barbaadaman akka
qabsisaatti fayyadamuu akka danda’an qabeenyii sammuu
dhaabbileedhaaf gatii akka qabu karaa qabeenyii ittiin lakaa’amu
mijeessuu.
- Fandii kalaqa biyyooleessaa kaappiitaalaa jalqaba kaa’umsaa
jalqabdootaaf dhiheessudhaan kalaqa hojii teknikaa gara hojiitti akka
galu taasisuu ni danda’ama.
- Gama namoota dhuunfaatiin abbootii qabeenyaa fi diyaaspooraatiin
kaappiitaalaa saaxilamummaa sodaa dhiheessuun fi mala argamsa
faayinaansii kanneen biroo sakkataa’udhaan yaadoota kalaqa
jabeessuun ni danda’ama.
- Ministeerri daldalaa fi industirii heeyyama invastimantiitiif salphaatti
qaqqabummaa isaa guddisuu fi invastarootaaf dambiin to’annoo mijataa

108
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

jiraachuu isaa mirkaneessuu fi waliigala sagantaa kalaqaa gurmeessuu


qabaata. Jajabeesitota adda adaaa, abbootii qabeenyaa fi jalqabdoota
gidduutti shariikummaan akka jiraatu haala ni mijeessa. Akkuma
barbaachisummaa isaatti deeggarsaa tarsimaawaa fi gocha ni kenna.
- Damee teekinoloojii odeeffannootiif kaappiitaalaa hojii daldala biyya
keessaa jajabeessuu.
- Waa’ee damee teekinoloojii odeeffannoo fi carraalee invastimantiin
walqabatan abbootii qabeenyaa biyya keessaatiif hubannoo uumuu.
- Damee dhuunfaa abbootiin qabeenyaa deeggarsa faayinaansii ka’umsaa
fi guddina itti fufsisuu muxannoowwan teknikaa fi biiznasiiwaliin
qindoomsudhaan akka deeggaraman taasisuu barbaachisa.
- Inkubeetariiwwan idilee dhaabbilee teekinoloojii bu’uureeffatan haaraa
jalqabaniif sadarkaa ka’umsaa irratti deeggarsa gochuu qabaatu.

1
Yaada gorsaa Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa damee ICT irratti invastii akka godhan
Faayinaansii jajabeessuu
2
Faayinaansiin addunyaaleessaa filannoo imaammata invastimantii
jajabeessan ilaaluu
3
Hanqina faayinaansii kallattii hir’isuudhaaf deeggartummaa
mootummaa fi damee dhuunfaa jajabeessuu
4
Inkubeeshinii: Hanqina faayinaansii kallattii furuudhaaf mala
5.4.2.filannoo
Namoota
dandeesisan
Hojjettoonni yeroo ammaa fi gara fulduraa (keessumattuu dargagoota)
ulaagaa bobbii hojii dinagdee diijitaalaa akka guutan, kalaqa akka fudhatan
fi sadarkaa dorgommii eeganii akka jiraatan taasisuuf dandeettiiin diijitaalaa
murteessaa dha. Ummata waliigalaatiif dandeettiii diijitaalaa waliin gahuuf
Mootummaaf (Poortaalii elektirooniksii mootummaa), daldalaaf (gabaa
elektirooniksii ) fi hawaasaaf (miidiyaa hawaasaatiin) qaqqabummaan hiika
qabu akka jiraatu ni dandeessisa. muxannoo diijitaalaa Jiraachuu dhabuun
dinagdee keessatti dorgomaa ta’u fi kalaqa bobbii hojii haalaan miidhuu ni
danda’a. Biyyi teenya fooramii dinagdee addunyaatiin agarsiftuwwan

109
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

odeeffannoo dandeettiii diijitaalaa irratti biyyoota 149 keessa sadarkaa 112


irratti argamti.

Mootummaan Itiyoophiyaa 2019/20 keessa carraa hojii miiliyona sadi


uumuu fi waggaa shan keessatti hojii miiliyona 14 qaqqabsisuuf karorsee
jira. Akka naannoo Oromiyaatti bara 2019/20 keessa carraa hojii
________uumuu fi waggaa shan keessatti hojii miiliyona ________
qaqqabsisuuf karorsee jira.
Ministeerrii inoveeshinii ti teekinoloojii kaayyoon isaa immoo A.L.A 2020
carraa hojii diijitaalaa hanga kuma 300 ta’an uumuudha. Galma kana
milkeessuudhaaf dandeettii bu’uura dijiitaa gaafata. Kutaan sanada kanaa
beekumsa fi dandeettii diijitaalaa bu’uura tiraanisformeeshinii diijitaalaatiif
shoora murteessaa qaba.
Haala yeroo ammaa irratti argamu
Damee barnootaa fi fayyaa irratti invastii gochuun fooyyeeffama ol’aanaa
argamsisee jira. Garuu Itiyoophiyaan gama beekumsaa fi dandeettii
barnootaan argamu irratti gitoota ishee gaditti argamti. Kunis diijitaalaa
hammachiisaaf gufuu guddaa dha. agarsiiftuu fayyaatiin waggaatti saffiisa
2.5% guddachaa jira. Waggoota dhihoo asitti Itiyoophiyaa keessatti dameen
fayyaa saffiisaan guddachaa jira. A.L.A 2005 du’aatii daa’imman umrii shanii
gadii saffiisaan hir’achaa adeemuudhaan bata 1997 dhiibbeentaa 11 ol kan
ture gara dhibbeentaa 6tti hir’atee jira. Haala walfakkaatuun lakkoofsi
dahumsaa bara 1995 A.L.A 7 kan ture bara 2016 gara 4tti xiqqaatee jira.

Haata’u malee, biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadi jiran keessatti bu’aan


barnootaa walfakkaataa miti. Itiyoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota qubee
lakaa’uu danda’an bara 2005A.L.A 33% kan ture sadarkaa ol’aanaan
dabaluun bara 2013 A.L.A gara 52% guddatee jira (umurii waggaa 10 ol kan
jiran kan agarsisuudha). Kun biyyoota Afriikaa kanneen biroo waliin yemmuu
ilaalamu ammas gadi aanaa dha. Naayijeeriyaa 70%, Ruwaandaa 71% fi

110
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Keeniyaa 70% (odeeffannoo Yuneeskoo 2017 irratti hundaa’udhaan


odeeffannoo foramiin dinagdee addunyaa 2018 baase) sadarkaan barnoota
namootaa qophaa’ummaa diijitaalaa tilmaauuf safartuu murteessaadha.

Itiyoophiyaa keessatti uummanni hedduu kan jiraatu baadiyaatti ta’u


isaa waliin walqabate tiraansformeeshinii diijitaalaa qonnaa fi misooma
baadiyaa hammate fiduuf akka dhimma adda dureetti ni fuudhatama.
Itiyoophiyaan baay’ina uummataatiin Afriikaa keessaa 2ffaa yemmuu taatu
tilmaama lakkoofsa uummataa fi manaa dhiheenyaatti hojjatameen
lammiileen ishee miiliyona 110 ol gahee jira. Ummanni Itiyoophiyaa 80% ta’u
kan jiraatuu baadiyaa keessa yemmuu ta’u lakkoofsi kun gidduu galeessa
biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadi ta’an irraa ni caala. Qonnaa fi misoomni
baadiyaa misooma dinagdee Itiyoophiyaa keessatti shoora guddaa qaba.

Tiraanisformeeshinii diijitaalaa hammataa mirkaneessuu waliin


walqabatee gidduu galeessa biyyoota Afriikaa irraa jiraataan magaalaa
dachaa shan caaluu ni jira. Magaaloonni Itiyoophiyaa fi humni hojjetaa
bal’aan gara damee haaraatti akka cee’u gochuuf murteessaadha. Tajaajilaa
teekinoloojiin odeeffannoo dandeesisaa irratti ta’e jiraachuun uumataa
baay’inni isaa dargaggoota jiraachuun isaa magaalaatti damee akka haaraatti
mul’atu kanaaf faayidaa kan qabaatu dha. Keessummattuu haala
baratameen uummanni magaalaa barate al-ergii odeeffannoo teekinolojiitiin
deeggarameef tajaajilaa taasifamuuf mudannoo gaarii ni uumaa. Qonni
hawaasaa baay’ee kan deeggaruu ta’ulleen haala madaalawaadhaan
magaaloota Itiyoophiyaa keessatti eebbifamtoonni yunivarsitiwwan lakkoofsa
hedduu qaban gara damee haaraa kanatti makamudhaaf bu’uura kan
kaa’anii dha.

Akka waliigalaatti Afriikaa fi keesumattuu Itiyoophiyaan dargagootaan


faayidaa hunda qabeessa argachuu ni dandeessi. Biyya keenyatti

111
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Dargaggoonni miiliyoona lama waggaa waggaatti gara gabaa hojiitti galaa kan
jiran ta’uun isaanii Biyya keenyaaf hiika guddaa ni qaba. Dinagdee idil-
addunyaa keessatti kallattii misooma Itiyoophiyaatiif shoora furtuu kan
taphatu yoo ta’u tarsimoo misooma Itiyoophiyaatiif baayy’ee barbaachisaa
dha.

Dandeettii diijitaalaa jijjiirama diijitaalaa fi kalaqa hojiitiif akka shoora


murteessaatti ni taphatu. Akkaataa odeeffannoo faayidaa qabeessa
dorgomummaa idil-addunyaatti dandeettii diijitaalaa uummatoonni qabaniin
biyyoota 138 keessaa sadarkaa 112 qabatee jirti. Keeniyaa, Gaanaa fi
Ruwaandaa biyyota Afriikaa gitaa waliin yemmuu ilaalamu Itiyoophiyaan
booddeetti kan hafte ta’uun ishee yemmuu ilaalamu dandeettii diijitaalaa
fooyyeessuuf hojiileen baay’een akka eegaman ni agarsisa.

Dhiibbaalee furtuu adda baasuu


Dandeettii diijitaalaa guddisuuf fi misoomsuudhaaf haguggii waliigalaa walii
walqabate hanqinaalee jiraniif furmaata argachuu barbaachisa. Duraan
dursee magaalootatti dabalatee dandeettii diijitaalaa fooyyeessuudhaaf
carraaqii taasifamu irratti dhiibbaa alaa kan qaban dhiheessi humnaa fi
dandeettii qunnamtii intarneetii waliin walqabate dhiibbaa bu’uuraa jiran
furamuu qabu.Dabalataaniis korsiwwan leenjii intarneetiidhaan kallatiidhaan
kennaman (Fkn: coursera) fuudhachuudhaaf galmee raawwachuuf sirna
kaffaltii qophaa’e jiraachuu dhabuun isaa gufuu caqasamu dha.

Dubartoonni barreessuu fi dubbisuu dandea’an baay’ee xiqqaa ta’u isaanii fi


garaagarummaa guddaa naannoo gara naannootti jiru misooma hunda
qabeessaatiif dhiibbaa murteessaa dha. Lakkoofsi dubartootaa kan dhiiraa
irraa yemmuu ilaalamu dhibbeentaa 20 gadi dha. Jechuuniis Itiyoophiyaa
keessatti umrii isaanii 15 gadi ta’anii fi qubee kan lakkaa’an keessaa
yemmuu ilaalamu dubartoonni 29% yoo ta’an dhiiroonni immoo 49% dha.

112
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Haalli kun biyyoota ollaa irraa baay’ee gadi aanaa dha. (Keeniyaa waggaa 15
ol kan ta’anii fi barreessuu fi duubisuu kan danda’an keessa duraa dubaan
dhiibbeentaa dhaan kan dubartoota 74% fi kan dhiiroota 84% dha).

Dandeettii diijitaalaa gabbisuun sadarkaa dubbisuu bu’uuraa ni barbaada.


Itiyoophiyaan sadarkaa dubbisuu gadi aanaa 52% qabdi. Buufanni
teekinoloojii hedduun beekumsa Afaan Ingiliffaa waan barbaadaniif,
beekumsi Ingiliffaa irratti hanqina dandeettii beekumsa diijitaalaa gabbisuuf
gufuu uumee jira. Magaalaas ta’e baadiyaa Itiyoophiyaa keessatti dandeettii
diijitaalaatiif fedhii murteessaa uumuuf kaka’umsi jiru, sagantaan leenjii fi
badhaasa jajjabeessituu xiqqaachuun ni mul’ata.

Hanqina dandeettii diijitaalaa hammeessuu kessatti dhaabbileen barnoota


dhiibbaa hedduun isaan qunnama. Sadarkaan hanqina leenjii diijitaalaa fi
muxannoon dadhabaa hordofsisee jira. Barnootaa fi leenjii teeknikaa fi
ogummaa malee sadarkaa hundaatti sirna barnoota keessatti kalaqa hojii
ilaalchisee hanqinni barnoota ni jira. Walumagalatti barnoonni sadarkaa
jalqabaa kanneen hojii uuman horachuu mannaa hojjettoota uumuu irratti
kan xiyyeeffate dha.

Ebbiifamtoonni leenjii fi barnoota teeknikaa fi ogummaa yeroo ammaa hojii


dhabdummaa guddaan isaan mudataa jira. Eebbifamanii waggaa tokkoon
booda 60% qofa ta’an qaxaramanii jiru. Qulqullinni leenjii dhaabbilee
barnoota fi leenjii teeknikaa fi ogummaatti kennamu gadi aanaa dha.
tilmaama jedhu industiiriidhaan fuudhatamuun isaa leenjiitoota bakkee
bahaniif (apprenticeship) ta’e kalaqa hojiitiif (internship) fuudhachuudhaaf
heeyyamamoo akka hin taane isaan taasisee jira. Waan kana ta’eefiis
kubbaaniyyaawwan leenjiitoota eebbifamtoota qacaruu mannaa ogeessoota
ofii isaanii leenjii hojii irraa akka argatan taasisuu filannoo fooyyaa’a
godhatanii fudhatanii jiru.

113
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Damee diijitaalaatiin carraan leenjii ogummaa fi hojii muraasa dha.


Baratoonni hedduun muxannoo hojii diijitaalaa hin taanee barbaaduuf ni
diraqamu. Dhaabbilee barnoota fi leenjii teeknikaa fi ogummaa fi industirii
gidduuttii hidhanni jiru dadhabaa ta’uun bobba’insa hojii fi carraa leenjii
ogummaa ni hir’isa.

Hirmaannaan waliigalaa bartoota Yunivarsitii yeroo gara yerootti kan dabalee


ta’u illeen sirna barnootaa sadarkaa ol’aanaa fedhii iddoo hojii waliin kan
wal-siman hin taasifmne. Eebbifamtoonni dandeettii diijitaalaa akka
qabaatanii fi yaada kalaqa hojii akka gabbisan ni jajjabeessu. Yeroo ammaa
waggaa waggaadhaan lakkoofsi dargagoota gara gabaa hojiitti makaman
gahaa miti.

Hojii barbaaddootaaf waa’ee hojii fi iddoo hojii banaa ilaalchisee odeeffannoo


argachuuf kan rakkatanii fi odeeffannoo guutuu ta’e argachuu dhabuun
isaanii akka rakkoo guddaatti kan ilaalamanii dha. Ejansiiwwan bobbii hojii
mootummaa, gorsa hojii, leenjii dandeettii fi tajaajilaa sassaabbii odeeffannoo
ni kennu. Garuu raawwiin isaa dadhabaa dha. Hojii barbaadoonni baay’een
isaanii keessumattuu magaalaa keessatti gabatee beeksisa hojii gidduu
galeessa mootummaa ni fayyadamu. Garuu gabateewwan beeksisa hojii
kanneen argachuuf baasii geejiibaa ol’aanaa ni baasu.
Kaka’umsa waqtaawaa
Ministeerrii inoveeshinii teekinolojii hanga 2025 lammiilee
dhiibbeentaa 70 ta’an beekumsaa fi dandeettii bu’uuraa diijitaalaa
waliin walbarsisuuf, daayireektoreetii babal’ifanaa fi hoggansa hojii
teekinoloojii fi beekumsaa gurmeessee jira.
Galma kana milkeessuudhaaf manni hojii ministeeriichaa qabiyyee fi
akkaataa dhiheenya leenjii akkasumas hubannoo bu’uura diijitaalaa (digital
litrecy) tarreeffama hardweerii barbaachisoo qabate sagaantaa (digital

114
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

literacy) qopheessee jira. Kutaalee sanadicha itti aannan keessatti


muxannoowwan barnoota idil-addunyaa hubannoo bu’uura diijitaalaa
(digital litrecy) irratti xiyyeeffatan ni ilaalamu. Teekinolojiiwwan tajaajilaa
barnootaatiif oolan keessa id-teek (Ed-Tech) keessatti kan argaman yemmuu
ta’u xiyyeeffannoon adda dureen isaa barsiftoota irratti yoo ta’u adda
durumaadhaan mala baruuf barsisuu haaraa waliin akka walbaran
gochuudhaan barattoota isaanii teekinolojii diijitaalaatiin qaqqabamaa akka
ta’an gochuu dha. Teekinolojiwwan kana fakkaatan gama humna namaa
leenjii’een dhiibbaa jiruu furuuf iddoowwan fagoo bu’uuraalee misoomaa
dadhabaa qaban dabalatee leenjiitoota jiraniif carraa kanatti fayyadamoo
akka ta’an ni taasisa. Teekinolojii kana fakkaatuu sirnaan hojii irraa yoo
oolchine hanqina rakkoo qabeenyaa fi bu’uura misoomaa hamaa biyyii
keenya keessatti argamtu irraa furamudhaaf jijjiiramaa guddaa akka fiddu
mataa isaa gochuu ni danda’a.

Mootummaan Itiyoophiyaa bajata waliigalaa barnootaaf qabate keessaa


dhibbeentaa 48 dhaabbilee barnoota ol’aanaatiif ramadudhaan leecaaloo
guddaa dhangalaasaa jira (2015).
Yunivarsitiwwan dandeettii humna hojjetaa sadarkaa guddaadhaan
guddisuun shoora furtuu akka qaban ni amanama. Itiyoophiyaa keessatti
lakkoofsi barattoota gara Yunivarsitii galan A.L.a 2012 hanga 2018 gidduu
galeessaan dhiibbeentaa 9 guddachuun A.L.A 2018 baratoonni Yunivarsitii
keessatti argaman waliigala 902,000 gahee jira. Lakkoofsi kun hirmaannaa
maraa waliigalaa barattoota dhaabbilee barnoota fi leenjii teeknikaa fi
ogummaa waliin yemmuu ilaalamu dachaa 3 ni ta’a.

ID-teek (ed-teek) yeroo ammaa faayidaa irra oolaa kan jiru ta’uu ileen
kana irra darbee hirmaataa waliin akka wal-simu taasisanii bocuudhaan
(tailored) qaqqabamummaa isa caalmaatti bal’isuudhaaf faayidaa irra
ooluu ni danda’a ID-teek (ed-teek) kenna barnoota baratamaa kan bakka

115
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

bu’uu osoo hin taane barnoota qulqullina qabu dhiheessuuf akka


meeshaa deeggaraatti kan tajaajiilu dha.

Raawwiin karoora ID-teek (ed-teek) Itiyoophiyaa keessatti hojii irra oolaa jiru
barattootas ta’e barsiftoota irratti dhuunfaa isaaniitiin akka xiyyeeffatu
taasifamee kan qophaa’e yoo ta’u dabalataaniis adeemsa barnootaa fi leenjii
keessatti murtii odeeffannoo irratti hundaa’e kennuudhaaf kan dandeesisuu
hojiilee xinxala daataa ni gaggeessa. Qaqqabamaa ta’u isaa waliin walqabatee
yeroo yerootti guddina agarsisaa kan jiru ta’u isaa caalaatti
appiilikeeshiniiwwan tokko tokkoo fayyadamtoota hanga kuma 20 qabu.
Faayyadamtoota yemmuu ilaaluu gara caaluu jiraattoota magaalaati. Karaa
dhaabbilee tola ooltotaatiin naannoo filatamoo magaalaa guddoodhaan alatti
fi kaamppiiwwan baqattootaatti dabalatee tajaajiilichi qaqqabamaa ta’aa jira.
Naannoolee magaalaa ala jiraaniif rakkoo dandeettii qunnamtii furuuf kaardii
SD(SD card) ykn wal-qunnamtii saatalaayitii fayyaddamudhaan barattoonni
qabiyyee barnoota akka argatan gochuudhaan ni yaalama.

Hanqinaalee murteessoo furuu


i. ED-teek: Mootummaan damee ED teek deeggaruu fi guddisuu
qabaata
- Barsiftoonni dandeettii diijitaalaa kan gonfatan ta’uu isanii caalaatti
adeemsa baruu fi barsisuu keessatti shoora isaanii akka bahan gochuuf
leenjii fi misooma barsisootaa irratti invastii gochuu,
- Kennaa naannawaa gidduu galeeffachuudhaan qabiyyee barnootaa
aadaa isaanii waliin kan sime gochuun afaan dhaloota isaaniitiin
qopheessuu,
- Barattoota sadarkaalee barnoota hunda keessatti argamaniif
qaqqabummaa fi haala fayyadama ICT irratti invastii gochuu,
- Korsiwwan sarara intarneetii gubbaa (massive open online course
(MOOCs)) fi meeshaalee baruuf barsisuu qaqqabamaa gochuu,

116
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

ii. Barnoota: barnoota sadarkaa jalqabaa fi sadarkaa lammaffaatiif


dandeettii dubbiisuu fi diijitaalaatiif dursii kennamu qabaata.
- Sirna barnootaa keessa deebi’uu fi sirnoota idilee fi al-idilee keessatti
barnoota diijitaalaa dabaluu,
- Barnoota teekinolojiidhaan deeggarame beeksisuu fi barsistoota leenjii fi
meeshaalee diijitaalaa dhiheessuu,
- Sadarkaa hundatti barnoota kalaqa hojii kennuu,
- Barnootaa fi leenjii irratti dandeettii gadi fageenyaan yaaduu barbaadanii
fi dandeettiiwwan kanaan ala ta’an gabbiisuudhaaf bifa dandeesisuun
qopheessuu,
- Hojiilee ICT dandeesisaa irratti ta’eef sagantaalee leenjii gabaabaa
diijitaalaa litireesii irratti xiyyeeffatan irra deebiidhaan bocuu fi
babbal’isuu,
- Dandeetii diijitaalaatiin lammiilee guutumaan guutuutti mul’atan waliin
kan wal-siman tajaajilaa adda addaa sarara intarneetii irraa qopheessuu
fi gabbiisuu,
- Tajaajilaa sarara intarneetii dandeetii diijitaalaa guddisuu danda’anii fi
lammiileedhaan mijaa’ina qaban misoomsuu fi hojii irra akka oolchan
jajabeessuu,
iii. Dandeetii diijitaalaa: sagantaa gabbiisa dandeetii diijitaalaa hojii
irratti xiyyeeffate bocuu
- Dhiibbaa sagantaa raabsa meeshaalee dijiitaal litireesiidhaaf ta’an
geesisee mirkaneessuudhaaf hubannoo bu’uura diijitaalaa (digital litrecy)
hunda qabeessa ta’e bocuu fi sadarkaa yaaliitiin hojii irra oolchuu,
- Sagantaa gabbiisa dandeettiii diijitaalaa hojiii irratti xiyyeeffate
uumuudhaan hojii waliin qindeessuu, kana gochuudhaan dandeetii
guddisuu irra darbee hojii uumuuf fi ijaarsa dinagdee diijitaalaatiif
gumaacha mataa isaa ni qabaata.
- Dandeetii diijitaalaa gabaa irratti barbaadaman adda baasuudhaan
sagantaa leenjii gochuu bocuu.

117
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

iv. Hojii barbaaddoota: Gama walsimuu dhabuu gabaa dandeetitiin


hanqina jiru sirreessuuf haala dhiheessi fi moodeela haaraa hojii
irra oolchuu
- Dameelee idilee fi al-idileetiin barbaadoota hojii kanneen qacaran waliin
qunnamsisuun akka danda’amu odeeffannoowwan bal’inaan
qaqqabamaa gochuu,
- Carraa leenjii ogummaa dabalataa jajabeessuuf dhaabbilee barnootaa fi
leenjii teeknikaa fi ogummaa fi industiriiwwan gidduutti waliitti
dhuufeenya isaanii cimsuu,
- Dandeettii kalaqaa, liqii fi leenjii barnootaa modeelliwwan haaraa kan
hordofanii fi ejansiiwwan hojii barbaadu deeggarsa sirnakkoo
(Ecosystem) bal’a kennan jajabeessuu.
v. Hojjettoota mootummaa: Hojjettoota Mootummaa isaan ilaallatuuf
leenjii gabbiisa dandeettii diijitaalaa filataman kennuu
- Mootummaan ogeessootaa fi eebbiifamtoota ICT baay’ee qacaruu
qabaata.
- Yeroo yerootti dabalaa kan dhufuu damee ICT keessatti hojjetoonni
leenji’an sadarkaa guddaadhaan akka itti fufan taasisuuf barnoonni itti
fufinsa qabu dhaabbata mootummaa keessatti akka aadaatti akka
baratamu gochuudhaan guddisuu,
- To’atootaa fi hojjetoota sarara fulduraatiif leenjii damee ICT qulqullina
ol’aanaa qaban sirna bittaa mootummaatiin bitu fi hojii irra oolchuu,
- Ogeessoonni to’atoota leenjii idilee fi itti fufinsa qabu akka argatan
gochuudhaan jijjiirama damee ICT waliin akka of-gahomsan fi
odeeffannoo waqtaawaa akka qabaatan dandeesisuu (hirmaannaa
daataa matadureewwan leenjii, nageenya saayibarii, gabaa
elektirooniksii , kaffaltii diijitaalaa fi kkf).
- Hojjetoota sarara duraa (qondaaltoota taaksii abbootii taayitaa
gumrukaa) dambii to’annoo mootummaan baase akka hubatan
gochuudhaaf leenjii akka argatan taasisuu,

118
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Yaada gorsaa 1
Mootummaan damee barnoota teekinolojii deeggaruu fi guddisuu qabaata
Namoota
Manneen barnootaa sadarkaa jalqabaa fi lammaaffaa beekumsaa
2 fi dandeetti teekinolojii dijiitaalaa bu’uuraatiif dursa kennuu
qabaatu.
3
Yunivarsitiwwan eebbiifamtoota damee fedhii gabaa waliin wal-
simate horachuu qabaata.
4 Sagantaa dandeetii dijiitaalaa hojii gidduu galeessa godhate
bocuu, hoji irra oolchuu
5 Hojjettoota mootummaa filatamaniif leenjii dandeetii dijiitaalaa
hojii isaanii waliin hariiroo qabu kennu

5.4.3. Imaammataa fi dambiiwwan


Sirnakkoo (Ecosystem) kalaqa hojii teekinolojii si’aaina qabu uumuudhaaf
haguggiin seeraa fi imaammata inoveeshinii yaada keessa galfatee fi hojii
uumuun akka gabbatu dandeesisuu barbaachisaa dha. Keesumatuu jarraa
21ffaa keessatti argamu kanaan waa uumuu hordofee guddinni dinagdee akka
dhufu haalli kun baay’ee barbaachisaa dha. Sirni dirree kana fakkaatu sochii
misooma damiichaa waan dandamachisuuf diijitaalaa bal’inaan
fayyadamuudhaaf sababa nama kakaasuudha. Gama birootiin sirnakkoo
(Ecosystem) barbaachisu ijaarsuun yoo danda’amuu baate inoveeshiniin
dubbatti hafudhaan fi bizinasiwwan haaraa eegalaman lakkoofsi isaanii
hamma guddaadhaan hir’ate dhuma irratiis oomishaa fi tajaajilaa diijitaalaa
hojii irra oolchuudhaaf fedhiin jiraatu ni xiqaata. Gama dhaabbilee daldalaa
jalqabaa haaraa teekinolojii bu’uura godhataniin Itiyoophiyaan biyyoota gitaa
taliin yemmuu ilaalamtu bal’inaaniis gadi fageenyaaniis xiqqaa fi boodatti kan
hafted ha. Ruwaandaa fi Keeniyaan uummata Itiyoophiyaa walakkaa gadi kan
qaban ta’u illeen dhaabbilee daldala jalqabdoota 50 qofa kan qabdu
Itiyoophiyaa waliin yemmuu fageenya guddaa adeemuu isaanii hubachuun ni
danda’ama.

Haala yeroo ammaa irratti argamu

119
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Mootummoonni addunyaa irratti argaman damee ICT jijjiiramaa fi isa idilee


haaraadhaan bakka buusuu to’achuudhaaf carraaqaa argamu.
Itiyoophiyaaniis haala qabatamaa kana irraa fagoo miti. Itiyoophiyaa keessatti
imaammataa fi dambiiwwan tiraanisformeeshinii diijitaalaatiif barbaachisan
waliin walqabatee dhiibbaan jiru hojimaanni baratamaan hanga ammaa jiru
damee haala kanaan saffiisaan jijjiiramu to’achuuf rakkisaa dha. Qophii
imaammata keessatti qaamoolee qooda fuudhatoota waliin mariin bal’aan osoo
hin taasifamiin gara raawwii galamuun isaa immoo rakkoo kana hammeessee
jira.

Yeroo dhihoo gidduu galli maallaqa idil-addunyaa gabaasa damee ICT tiin
baaseen naannoon daldalaa fi to’annoo Itiyoophiyaa akkasumas bu’uurrii
misoomaa teekinolojii odeeffannoo hin qindaa’in invastarootaaf gufuu guddaa
uumaa akka jiru agarsisee jira. Qorannoon damichaa akka agarsisuutti
tajaajilaa teekinolojiin odeeffannoo dandeesisaa irratti ta’e jajjabeessuudhaan
Itiyo-teek ykn dijiital Itiyo kan jedhamu biraandii biyyaaleessaa ijaaruudhaan
biiznasiidamiichaa idil-addunyaa keessatti Itiyoophiyaa tarree dursisitota akka
hiriirtuu kan dandeesisuu carraan gaariin jiraachuu isaa agarsisaa. Haalli kun
immoo qaamoolee qooda fuudhatoota biyya keessaa raawwatamummaa
ajandaa tiraanisformeeshinii diijitaalaa tiif akka tumsanii fi kaayyoo tokkoof
akka bobba’an dandeettii waliitti sasaabuu akka qabu hubachuun ni
danda’ama.

Sababoota guddinni sirnakkoo (Ecosystem) inoveeshinii fi kalaqa hojii


Itiyoophiyaa akka duubatti harkifatu taasisan keessaa jiraachuu dhabuun
haguggii seeraa fi to’annoo cimaa keessatti ni argamu. Dhiibbaa kana
furuudhaaf Mootummaan RDFI dhaabbilee daldalaa jalqabaa teekinolojii
bu’uura taasifatan (start-up and inovetion business) tiif ta’u seera wixineessaa
argama. Serrii kun bu’uura beekuumsaa kaa’uudhaan badhaadhina hunda
qabeessa mirkaneessuun fi carraa hojii uumuudhaan sochii innoveeshinii

120
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

biyyaaleessa waliigalaa irratti dhiibbaa gaarii akka geesisuu ni eegama. Seerri


bahu A.L.A tti July 2019 kan ragga’e fi sirnakkoo (Ecosystem) itti fufaa, kalaqa
hojii humna qabeessaa, magariisaa fi hawaasummaa kan guutu hundeessuu
kaayyoo isaa kan godhate tarsimoo kalaqa hojii irratti kan hundaa’e dha.
Dambiileen kana fakkaatan namoonni dhuunfaa hojii uumtootaa fi waa
uumuu irratti akka xiyyeeffatan furmaata haaraa akka argamsisan humna
isaaniif ni ta’a. Kanaaniis itiyoophiyaan warraaqsa dinagdee afuraffaa irraa
boodeetti akka hin hafne ni taasisa.
Dhiibbaalee furtuu adda baasuu
Baastoota fi to’atoota abbaa taayitaa Itiyoophiyaa waa’ee haalota diijitaalaa
idil-addunyaaa fi ulaagaa to’annoo irratti hubannoon qaban muraasa dha.
Haalli kun damiichaaf imaammata wantoota barbaachisaa argamsisan akka
bahan, seericha sirriitti kan raawwachisan to’attonni akka jajabeeffaman,
akkasumas gaafii taatota damiichaa sirnaan deebiisuu kan hin dandeenyee
dhaabbilen raawwachisan akka jiraatan taasisee jira.

Haalli dhiheenyaa to’annoo baratamaa amala jijjiirama damicha waliin hin


simne inoveeshinii haala guddaadhaan miidhee jira. Itiyoophiyaa keessatti
malli damee ICT tiin raawwataman misooma damicha waliin ammayyaawaa
hin taasifamne. Haguggiiwwan to’annoo kan qophaa’an mootummaan
dameelee nuusaa hojii daldalaatiif heeyyamaman dursee erga adda baasee
boodee dameelee heeyyamaman jechuudhaan kan dhihaate dha. Adeemsii kun
mootummaan sirni to’annoo bifa bu’aa qabeessa ta’een raawwachuu yoo
barbaade teekinolojiiwwan damichaa hunda irratti tarkaanfii tokko kan durse
akka ta’u ni barbaachisa. Kun immoo damee ICT irratti jijjiirama addaan hin
cine fi raajuudhaaf rakkisaa ta’u isaa waliin walqabatee waliin adeemuu hin
danda’u. hojii irra ooluus hin danda’u. Rakkooleen kun huundinu dabalamanii
damee ICT irratti naannoon to’annoo daangeessaa misooma inoveeshinii fi
biiznasiiittisuu akka uumamuu taasisee jira.

121
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Imaammanni fi dambiiwwan yemmuu qophaa’an beeksifni tokko illeen


jiraachuu dabuu fi mariin taasifamuu dhabuun naannoon raawwii dursanii
tilmaamuudhaaf hin mijane akka uumamuu taasisee jira . Itiyoophiyaa
keessatti yeroo baay’ee qophiin imaammataa fi dambii mariin gahaan kan
irratti hin gaggeeffamee fi hirmaanaan damee dhuunfaa daangeeffamaa kan
ta’e dha. Akkaataa kanaan sanadni imaammataa fi seeraa qophaa’u gama
tokkoon raawwiin isaa hanga barbaadameen hin milkaa’u. Gama birootiin
immoo bu’aa yaadame irraa faallaadhaan adeemu ni danda’a. Gama kanaan
akka fakkeenyaatti kan caqasaman daangaa qajeelfamootaa fi geejiibaa
gumrukaa tokko tokkoo irratti kaa’ame turee dha.

Haala falfakkaatuun caqasamuu kan danda’u dambiiwwan hojii irra ooluu


isaaniitiin dura lammiilee fi qaamooleen isaan ilaallatu akka hubatan
taasifamuu dhabuu isaati. Seeronni idileen yemmuu haqaman waan hin
ibsamneef fayyadamtoonnii dursanii bifa karoorfataniif adeemuuf dhiibbaa
isaan irratti ni uuma. Akkaataa hundumaan haalli to’annoo dursanii
tilmaamuuf nama rakkisuu waan uumamuuf kalqa irratti invastii gochuuf
amanamummaa ni dhabamsisa.
Kanaaf fakeenya gaarii kan ta’u kanaan dura mariin uummataa osoo hin
gageeffamiin Magaalaa Finfinnee keessatti dhorkaan doqdoqee taasifamuu
isaatiin guddina biiznasiiirratti qormaata guddaa uumee akka turee ni
yaadatama.

Dameen TQO waliigala dhiibbaan biiznasiiwaan isa mudatuuf damee


kanaan biiznasii hojjechuun baay’ee rakkisaa dha.

1. Jiraachuun dambiiwwan qabeenya sammuu yeroon irra darbe kan misooma


damee ICT waliin hin adeemne hojiin kalaqa hojii uumtoota kaffaltiin
kamiiyyuu osoo hin raawwatamiin biliisaan koppii akka taasifamu balbala
saaqee jira. Haalli kun ogeessoonni kalaqaa bu’aa dadhabbii isaanii gatii
tokko malee kanneen birootiin akka jalaa hin fuudhatamne
122
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

sodaachuudhaan kalaqaaf akka hin kaane waan taasisuuf sadarkaa


biyyaaleessaatiin dhiibbaan geesisuu bal’aa dha.
2. Jiraachuu dhabuun dambii hirmaannaa odeeffannoo si’aaina haala
fayyadama odeeffannoo daangeessee jira. Jirachuu dhabuun dambii
hirmaannaa odeeffannoo xinxala daataafi kakaumsa diijitaalaa irratti
si’aaina hir’isuudhaan dhiibbaan isaa taatota mootummaa fi damee
dhuunfaa adda addaa bira akka gahu ta’e jira. Gama dhaabbilee
mootummaatiin manneen hojii ministeeraa fi ejansiiwwan adda addaa
daataa dhuunfaatti ofii isaanii akka sasaabanii fi akka xinxalan
taasifamuun isaa irra dedeebii hojii hordofsisee jira. Gamee damee
dhuunfaatiin immoo isaaniis taatota damichaa kan biroo ykn dhaabbilee
mootummaa waliin hojechuudhaan dhiibbaa mudatuuf daataa
fayyadamuudhaan furmaata kalaqaa teesisuuf itti fayyadamu.
(i) Imaammata baasuudhaaf daandii marii kalaqaa fayyadamuu
- Ministeeraa inoveeshinii fi teekinolojiitiin waajjiiraa inoveeshinii
hundeessaa,
- To’attaa jala taasifamee inoveeshiniin qeenxeedhaan sirna dambiidhaan
itti sakkataa’amu (sand box) gabbiisa.
- Ibsa fakkii kanaa gaditti argamuun akkaataa ilaalameen sand box erga
raawwatamee boodee waajjirii inoveeshinii iddoo barbaachisaatti galcha.

Hojimaata waajjiira inoveeshinii fi to’ataa jala taasifamee ibsa agarsiftuu raawwii inoveeshinii
qeenxeedhaan itti sakkataa’amu

Ministeeraa inoveeshinii fi teekinolojii jalatti waajjira inoveeshinii


hundeessuu,
Hojimaata
 Waajjiirrii inoveeshinii damee dhuunfaa bakka bu’ee adeemsa isaa innoveeshiniiww
si’eessuuf sirna dirree invastimantii keessatti qooda fuudhatoota wal-
qunnamsisuu ni hojjata.
an haaraan
 Waajjiirrii inoveeshinii dhiibbaa dameen dhuunfaa qabu furuu fi qeenxeedhaan
dhaabbilee mootummaa walqabatanwaliin hojii qunnamsisuu itti itti
fufinsaanmiseensoota hojjatan ni qabaata sakkataa’aman
 Waajjirrii inoveeshinii daayireektoreetii hirmaannaa damee dhuunfaa deeggaruu
jalatti kan gurmaa’u yoo ta’u waajjiira sagantaa tiraanisformeeshinii
dijiitaala waliin dhiheenyatti ni hojjata
 Waajjiirrii inoveeshinii kenna murtii dambii to’annootiif osoo hin
123 inoveeshiniiwwan haaraan sirna qeenxeedhaan itti
ooliin
sakkataa’aman ni gurmeessaa
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Hojimaata inoveeshiniwwan
haaraan ittiin sakkataa’aman
hojii irra oolchuu, dambiiwwan
To’annoo to’ataa jala ta’uudhaan inoveeshiniin qeenxeedhaan damiicha waliin walqabatan
hojiimaata ittiin sakkataa’amu irratti dambii qopheessuu fi mana
raawwachuu
maree bakka bu’oota uummataatiin raggaasuu

Fakkii 11: Ibsa dhaabbilee hojii kalaqaa hojii irra oolchanii fi to’atan gidduu qunnamtii jiru agarsisu.

(ii) Qindeessummaa mootummaa fi hirmaannaa qaamoolee qooda


fuudhatoota
Manneen hojii ministeeraa, ejansiwwan mootummaa fi akaadaamii
industirii mootummaa tarsimoo mootummaa adda addaa raawwachisan
gidduutti hidhata jiru jabeessuu,
Muxannoowwan lafa irratti argaman irraa barachuu fi imaammata hojii
irra oolan qabatamaan ijaaramuu isaanii mirkaneessuuf fayyadamtoota
adda addaa waliin marii gochuudhaan dhaabbilee hawaasaa fi gareewwan
hawaasaa hirmaachisaa.
(iii) Invastimantii fi hojii daldalaatiif furmaata to’annoo haaraa dizaayinii
gochuu
- Galmee qabeenyaa sammuu akka qabeenyaa taasisanii fuudhachuuf
damee ICT’f ulaagaalee barbaadaman guutuuf tumaalee fooyyeessuu,
- Inkubeetarootaaf, si’eesitoota (Accelcelartos), taatota gabaa
elektirooniksii , appilikeeshiniiwwan duula imalaa fi kkf dabalatee
ramaddiiwwan hojii daldalaa ICT haaraa hammachuuf galmee heeyyama
daldalaa waqtaawaa taasisaa.
- Imaammata daldalaa tarree fudhatamummaa argate irraa gare tarree
dhorkaatti keessa deebi’a.

124
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

- Hir’ifama gibiraa fayyadamuudhaan haala fayyadama meeshaa


teekinolojii odeeffannoo guddisuu,

6. Tiraanisformeeshinii diijitaalaa dhugomsuudhaaf


Maaltu raawatamuu Qaba?
Jijjiiramnii diijitaalaa agartuu tarsimoo gochaan hogganamu Kan qabu fi
dandeettii diijitaalaa bal’aa ijaaruuf ajandaa gargaaru kan qabu dha.
Nannoon keenyaas kaka’umsa hojii gochaan durfamu kana saffiisaan
raawwachuu kan dandeessuu fi yeroo gabaabaa keessatti dhiibbaa isaa
arguu kan dandeessuu ta’u qaba. Haalli Kun tarsimoo haguggii bal’aa qabu
dhugomsuuf haal dureewwan raawwachuudhaan (Fkn: walitti hidhataa
fooyaa’ee fi kaffaltii diijitaalaa fooyyeessuu) jijjiirama cee’umsaa
raawwachuuf fi qaama seektara dhuunfaa irratti bobba’eef mootummaan
aangoo kennu akka dandaa’u gochuuf ni gargaara.
Waan kana ta’eefiis pirojaktiwwan yeroo gabaabaa kaayyoo fi galmii isaanii
ifattii Kaayamee hojii irra oolchuun fi muxannoo barbaadame
horachuudhaan adeemsa dursa barbaadan akkasumas sirnoota

125
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

barbaachisoo diriirsuu fi hoogganuun oromiyaa dijiitaalofte ijaaruuf ni


gargaaraa.

Muxannoowwan filatamoo sadarkaa addunyaaleessaatti argaman


Biyyoonii Hindii, Maaynaamaar fi Naayijeeriyaa kan fakkaatan biyyoota
Afriikaa keessatti hojiilee babbal’ifannaa dandeettii walqunnamtii biyyaa fi
naannoo keenyaaf akka muxannoo bu’aa qabeessaatti kan fudhatamanii dha.
Caasaan gabaa biyyoonii kanneenii biyyii keenya damichaan rifoormii gochuu
isheetiin dura Kan turee waliin walfakkaataadha. Keessumattuu dameen
teeleekom guutumaan guutuutti ykn gar-tokkeedhaan dhaabbilee mootummaa
jalatti bulaa kan ture yoo ta’u qaqqabummaan fi tamsa’inni sagalee fi
intarneetii waliigalaa gadi aanaa yoo ta’u sirni to’annoo cimaan hin turre.
Dabalataaniis riifoormiin kun libraalaayizeeshiniidhaan, gabaan gidduu
galtummaa mootummaa irraa biliisa ta’u, dorgommii gabaan durfamuu fi
haguggii misooma bu’uuraa fooyya’an irratti kan xiyyeeffatee fi keessumattuu
Biyyaa fi naannoo kenyaaf faayidaa qabeessa ta’e kan fuudhatamu dha.
 Imaammata deeggaraa ta’e bocuu fi sirna siyaasaa waliin wal dubbisu
uumuu: Taatoonni dhuunfaa gara damee dhuunfaa galan haguggii seeraa fi
imaammata ifaatiin deeggaramuu qabaatu. Imaammata sirrii (Fkn:
ramaddii daandii xiyyaaraa fi shallagii gatii tajaajilaa) kallattii siyaasaa
bu’uura bal’aa qabu waliin qindeessuudhaan damiichaa fi invastimantiif
si’eessuu ni danda’a.

 Qaamoolee ciccimoo to’attoota ta’an uumuu: Sirni to’annoo aangoo qabu


hoggansa jabaa kennuuf, sagantaalee teeknikaa murteessuuf, shallaggii
gatii tajaajilaaa murteessuuf, tajaajilaaa fi to’annoo qulqullina qabu
diriirsuuf, dorgomii biliisaa to’achuu fi adeemsa suphaa siyaasaa
murteessuuf fi deeggaruuf akkasumas to’achuuf baay’ee barbaachisaa dha.

 Tajaajiiloota Kallatti xiyyeeffannoo addunyaaleessaa ta’aan hojii irrattii


oolchuu: Galmii kenna tajaajilaa addunyaaleessaa tamsaasaa
intarneetiidhaaf kallatti ifa ta’e ni murteessa, kennitoota tajaajilaaa fi
hoggansii mootummaa sochii deeggarsa faayinaansiidhaaf taasifamu galma
dirqisisaa ta’e waliin yammuu qindoomuu bu’uura misooma saffiisaa
diriirsuuf ni dandeesisa.

 Bu’uuraalee misoomaa waliin fayyadamuuf haalota dandeesisan uumuu:


Bu’uuraalee misoomaa waliin fayyadamuun gatii oomishaa hir’isuudhaan
kennitota tajaajilaaatiif gatii tajaajilaaa gadi buusuu kessatti gumaacha
mataa isaa kan godhu yoo ta’u gama birootiin invastimantiin guddaan
damee bu’uura misoomaa irratti akka jiraatuuf ni jajjabeessa.

126
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Kubbaaniyyaawwan teelee of danda’anii akka sochoo’an heeyyamuun gama


birootiin hoggansa bu’uura misoomaa mootummaa ni fooyyeessa.
 Bu’uuraalee misoomaa deeggaraa ta’aan misoomsuu: Bu’uuraalee
misooma deeggaraa tahaan gahaa fi amansisaa (Fkn: daandii, dhiheessii
humnaa) jiraachuun bu’uuraalee misoomaa diriirsudhaaf murteessaa fi
kenna tajaajilaaatiif Fkn: buufanni bu’uuraa moobaayilaa baay’ee
murteessaa dha. Hanqinni dhiheessii humnaa gatii oomishaa kan dabaluu
yoo ta’u qulqullina tajaajilaa baay’ee akka hir’atu ni taasisa.
 Diriirsa intarneetii Eegeere yaada keessattii Kan galchee galchuudhaan
karorsuu: Intarneetii diriirsuun kallatti guddina teekinolojii waliin karoora
biyyaaleessaa fi fedhii intarneetii eegamuu waliin akkasumas sirna yaa’iinsa
daataa uumamuu waliin kan wal simee ta’un isaa barbaachisaa dha.
Hidhata fedhii irrattii hundaa’ee uumuu: Hidhata fedhii irrattii hundaa’e
uumuun fi babal’isuun fedhii fi tajaajilaa addaatiif (Fkn: Bulchiinsaa
elektirooniksii ) cee’umsa teekinolojiitii fi bu’uuraalee ammayyeessuuf
baay’ee murteessaa dha.

 Fedhii walittii hidhaminsaa uumuu: Babal’ifanaa intarneetii fi fedhii


tajaajilaa addaa kan qaban waliin akka qunnamu gochuun raawwiidhaaf fi
galii bu’uura misoomaa irraa argamu guddisuuf barbaachisaa dha.

 Damee dhuunfaa hirmaachisuu: wixinee, adeemsa oomishaa fi suphaa


bu’uuraalee misoomaa keessattii seektara dhuunfaa hirmaachisuun
bulchiinsa teekinolojii fi beekumsaa guddisuuf humna ni kenna. Modeela
walittii hidhaminsa deeggartummaa mootummaa fi damee dhuunfaa
uumuun immoo dandeetti maallaqa uummata irratti dhiibbaa ilaalamu
sadarkaa guddaadhaan ni hir’isa.

Haala teekinolojii qunnamtii yeroo


dhufu

Teekinolojiiwwan maashina fi
Gara teekinolojii qunnamtii Bu’uuraalee misoomaa fayyadama maashina waliin wal-
fayyadama daataa fi saffiisaa daataa guddisan faayibar optik qunnamsisan (M2M) fi
ol’aanaa guddisan 4G fi 5G saffiisa ol’aanaa fi diriirsuu dagaaguu qunnamtii intarneetii
irratti bu’uureeffamaniitti wantoota (IOT)
cee’uu

Fakkii: 12: Dandeettii qunnamtii (connectivity) waliin walqabatee haalota teekinolojii yeroo dhufu

Pirojaktiwwan yeroo gabaabaa dursii isaaniif kenname


127
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

walittii hidhaminsa ammayaawwaa fi saffiisaa odeeffannoo diijitaalaatiif


murtteessaa waan ta’eef nannoon keenya seektara kana guddisuuf murtii
hunda qabeessa ta’ee gadi fageenyaan irratti yaadame murteessu barbaachisaa
dha.

6.1. Pirojaktiwwan yeroo gabaabaa kessattii bu’ura Mijaawaa uuman


Dameelee filataman bu’uureeffachuudhaan pirojaktiwwan dursaan
sagantaa yeroo gabaabaatiin hojii irrattii ooluu danda’an adda baafamanii
jiru. Dameeleen filataman kun sirna hojimaata mootummaa elektirooniksii
dhaan deeggaramee, kalaqa hojii teekinolojiidhaan deegaramee, walittii
hodhaminsa fi muxannoo diijitaalaa fa’a dha.

6.1.1. Tarreffama piroojektiiwwan hojjetamani


kan Yeroo gabaabaa fi dheeraa
Pirojaktii 1: Gabaa moobaayilaa biliisa gochuu fi Invastmantii TQO
mijeessuu
Pirojaktii 2: Bu’uuraalee misooma mootumma Fooyyeesuu fi
ammayyeessuu
Pirojaktii 3: Waraqaa Eenyummaa diijitaalaa naannoo qopheessuu
Pirojaktii 4: Nageenya saayibarii jajjabeessuu
Pirojaktii 5: Daldala elektironikawaa (E-commerce)
Pirojaktii 6: Portaaliwwan wixineessuuf fi Tajaajila elektiroonikaa
diriirsuu (E-service and portal)
Pirojaktii 7: Dandeetti diijitaalaa hojii uumuu irratti xiyyeeffatee uumuu
Pirojaktii 8: Fedhii ogeessoota kalaqaa bu’uura godhachuudhaan
jalqabbii teekinolojii filataman (Technology start-up) filachuu fi gara
naannooleettti babal’isuu

128
Tarsiimmoo Diijitaalaa Oromiyaa 2018

Pirojaktii 9: Giddu gala suphaa fi haaromsa kompiitaraa fi meeshaalee


elektirooniksii (CRMC-Computer Refurbishment & Maintenance
Center) hundeesuu
Pirojaktii 10: Kaffaltii diijitaalaa hojii irra oolchuuf imaammataa fi
dambiiwwan iftomina qaban maammileessuu
Pirojaktii 11: Dhiheessii annisa elektirikaa baadiyyaa fooyyeessuu fi
dameen dhuunfaa invastimantii isaa irratti akka hirmaatu jajjabeessuu,

129

You might also like