Professional Documents
Culture Documents
Uummata naannoo Oromiyaa fi manneen murtii naannichaas caarraa gaarii kanatti fayyadamaa
gochuun barbaachisaa waan ta’eef;
Yeroo ammaa dhimmoonni mana murtiitti heddummaachaa kan jiran waan ta’eef gara fuula
duraa falmiiwwaan mana murtii dhufan hedduun Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala itti
Xumuramuun fala akka argatan gochuun mana murtii fi abbootii dhimmaatiif faayidaan inni
kennu guddaa ta’uun isaa waan itti amanameef;
Bu’uura Labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa irra Deebi’anii Dhaabuuf bahe
Lakk. 142/2000 keewwata 32 tiin qajeelfamni kun baheera.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Kewwata 1: Mata-duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun Qajeelfama Sirna Araaraa fi Jaarsummaa Manneen Murtii Oromiyaa Lakk.
________________jedhamee waamamuu ni danda’a.
Keewwata 2: Hiikoo
Itti fayyadama isaa irraa haala maddeen hiikkoo biraa kan kennisiisu yoo ta’e malee qajeelfama
kana keessatti:
1) “Abbaa Alangaa” jechuun bu’uura Dambii ittiin Bulmaata Abbootii Alangaa
Mootummaa Naannoo Oromiyaa, dambii Lakk.161/2005 , Kewt.2(4) fi seera biraatiin
Abbaa Alangaa Mana hojii Mootummaa jedhamee kan muudame kamuu jechuudha.
2) “Abbaa Seeraa” jechuun bu’uura Lab.Lakk. 141/2000, Kewt.2 (5) tiin Gumii
Waliigalaatiin filatamee Caffeedhaan muudame ykn kaadhimamaa Abbaa Seeraa mana
murtii naannichaatti ramadamee hojjetu akkasumas Qaadota Manneen Murtii Shariyaa
Naannichaa jechuudha.
3) “Abukaatoo” jechuun hiikoo Qajeelfama Sirna Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa
Lakk. 8/2004 keewwata 2 jalatti kennameef kan qabu ta’ee; ogeessota seeraa qaamolee
mootummaa adda addaa irraa hayyama fudhatanii tajaajila seeraa bilisa kennan ni
dabalata.
4) “Araara” jechuun Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala itti Xumuramu ta’ee gareen
walfalman deeggersa Jaarsaatiin walitti dhihaatanii falmii isaanii waliigalteedhaan
hiikkatan jechuudha;
5) “Garee Walfalman” jechuun namoota Walfalmii adeemsifamaa jiru keessatti qooda
fudhatan kan akka himataa fi himatamaa, garee falmii jidduu seene, garee murtii
mormuudhaan falmii keessaa seene ykn ol’iyyataa fi deebii kennaa ta’uun dhaddachatti
dhiyaate jechuu dha.
6) Jaarsa” jechuun garee 3ffaa gartummaa irraa bilisa ta’ee, fedha garee walfalmitootaatiin
ykn akkuma barbaachisummaa isaatti mana murtiitiin kan filatamu fi dhimmi mana
murtiin ilaalamaa jiru yommuu itti qajeelfamu garee walfalman kan walitti araarsu ykn
jaarsummaan ilaalee kan murtii kennu jechuudha.
7) “Jaarsummaa” jechuun Sirna Waldhabdeen Falmii Idileen Ala itti Xumuramu ta’ee
Jaarsi moggaafamee murtii dhumaa fi dirqisiisaa ta’e kan kennu jechuudha.
8) “Mana Murtii” jechuun bu’uura Lab.Lakk.141/2001tiin Mootummaa Naannoo
Oromiyaatiin kan dhaabbate Mana Murtii Aanaa, Mana Murtii Ol’aanaa fi Mana Murtii
Waliigalaa jechuu yoo ta’u, Mana Murtii Shariyaa naannichaatis ni dabalata.
9) “Ragaa” jechuun ragaa namaa ykn bareeffamaa jechuudha.
10) “Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala itti Xumuramu” jechuun Sirna Walta’iinsaan,
Araaraan ykn jaarsummaan gargaaramuudhaan walfalmiin mana murtiin alatti ittin
hiikamu jechuudha.
11) “Walta’insa” jechuun; Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala itti Xumuramu ta’ee geddu-
lixummaa jaarsaa malee gareen walfalman ofuma isaanitiif waliigalteerra itti gahan
jechuudha.
1) Abbaan Seeraa dhimma mana murtii gahe, seerri dirqisiisaan yoo jiraate malee,
walfalmittoonni dhimma isaanii Sirna Walfalmiin Falmii Idileetiin Ala itti Xumuramuun
akka fixatan ni jajjabeessa, ni gorsa akkasumas deeggersa barbaachisaa ni taasisaaf.
Keewwata 5: Sirna Walfalmiin Falmii Idileetiin Ala Itti Xumuramu Keessatti Gahee Abbaa Seeraa
Walfalmiin Falmii Idileetiin Ala akka xumuraman gochuu keessatti Abbaan Seeraa gahee
armaan gadii ni qabaata:
1) Kaayyoo, faayidaa fi maalummaa Sirna Walfalmiin Falmii Idileetiin ala itti Xummuramu
garee walfalmaniif ni ibsa;
2) Dhimmi falmiif ka’umsa ta’e Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala Itti Xumuramuun yoo
ilaalame irra caalatti bu’a-qabeessa ta’ee kan mul’atu yoo ta’e, gareen walfalman,
walfalmii isaanii walta’iinsaan, araaraan ykn jaarsummaadhaan akka xumuratan yaada ni
dhiheessaaf;
3) Iyyata ykn yaada walta’iinsaa dhihaatuuf irratti hundaayudhaan dhimmichi walta’iinsan
kan xumuramuu danda’u ta’uu isaa erga mirkaneeffateen booda gara walta’iinsatti ni
qajeelcha; hanga bu’aan isaa deebi’uufittis falmii addaan ni kuta;
4) Iyyata ykn yaada Araaraa ykn Jaarsummaa garee falmitootaa ykn jaarsa irraa dhufu
ilaaludhaan dhimmichi kan araaraan ykn jaarsummaadhan xumuramu ta’uu isaa erga
mirkaneeffateen booda gara Araaratti ykn jaarsummaatti ni qajeelcha; Hanga bu’aan
Araaraa ykn Jaarsummaa deebi’utti falmii addaan ni kuta;
5) Abbaan Seeraa dhimma seerri dirqisiisan hin dhorkine tokko gara Sirna Walfalmiin
Falmii Idileen Ala Itti Xumuramutti kan hin ergine yoo ta’e sababa isaa galmee irratti
ibsuu qaba;
6) Gareen walfalmitootaa jaarsa akka filatan ni gargaara;
7) Gareen falmitootaa dhimma isanii araaran ykn jaarsummaan xummurachuuf waliigalanis
jaarsa filachuu kan hin dandeenye yoo ta’e, fedhii walfalmitootaa irratti hunda’uudhaan
jaarsa ni filaaf;
8) Yeroo Walta’iinsi, Araarri ykn Jaarsummaan itti xumuramee bu’aan isaa mana murtii
dhaqqabuu qabu murteessudhaan, akkuma haala isaatti, Jaarsa ykn/fi garee walfalman ni
beeksisa;
9) Jaarsa filatamef aangeffamuu isaa ibsuudhaan akkaataa itti hojjetu irratti qajeelfama ni
kennaaf, ykn ammoo karaa garee walfalmitootaatiin ni ergaaf;
10) Gareen walfalman yeroo qabameef keessatti walfalmii isaanii Sirna walfalmiin falmii
idileen ala itti xumuramuun kan hin xummuranne yoo ta’e, gaaffii dabalata yeroo
dhihaatu fi adeemsi ture jajjabeessaa ta’uu isaa yoo itti amane, yeroo dabalataa ni kenna;
11) Gareen walfalman falmii isaanii Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala Itti Xumuramuun
yoo ilaallatan, bu’aa isaa ofitti fuudhudhaan waliigalteen taasifame ulaagaa seeraa kan
guutu, safuu uummataa kan hin faallessine fi mirga namoomaa garee walfalmanii ykn
garee 3ffaa kan hin dhiibne ta’uu isaa mirkaneessudhaan ni raggaasisa;
12) Gareen walfalman dhimmi isaanii sirna walfalmiin falmii idileen ala itti xumuramuun
dhumachuu akka hin dandeenye gabaasni, akkuma haala isaatti, Jaarsa ykn garee
walfalman irraa yoo dhihaatu, falmiin idilee iddoo dhaabbate irraa akka itti fufu ni
taasisa.
1) Gareen walfalman qaamaan Adeemsa Sirna Walfalmiin Falmii Idileen Ala Itti
Xumuramu hunda irratti argamuu qabu;
2) Kan keewwata kana keewwaata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, Gareen
walfalman sababa humnaa ol ta’een argamuu kan hin dandeenyee fi bakka-bu’ummaa
yoo kennan, qajeelfamni kun bakka-bu’oota garee walfalmanii irrattis kan raawwatiinsa
qabaatu fi bakka-bu’ootni akkuma garee walfalmaniitti kan lakkaawaman ta’a;
3) Gareen walfalman haala addaatiin Jaarsa hayyamsiisanii ogeessa seeraa isaanii waliin
ta’uudhaan Araara ykn Jaarsummaa irratti hirmaachuu ni danda’u;
1) Waliigaltee garee walfalmaniitiin ykn seerri haala biraatiin kan dirqisiisu yoo ta’e malee,
Araarri fi Jaarsummaan icciitiidhaan geeggeffamuu qaba.
2) Jaarsa, garee walfalman ykn bakka bu’aa isaanii fi nama manni murtii hayyameef malee
namni biraa jaarsummaa irratti argamuu hin qabu.
3) Yoo seerri dirqisiisu jiraate malee, Jaarsi iccitii sababa Araaratiin ykn Jaarsummaatiin beeke
baasuu hin qabu.
Kutaa Lama
Sirna Walta’iinsaa
Seerri dirqisiisaan yoo jiraate ykn ulfinaa ykn walxaxiinsa dhimmichaa irraa kan ka’e manni
murtii dhimmichi mana murtiitiin furmaata argachuu qaba jedhee yoo amane malee dhimmi
mana murtii dhihaate kam iyyuu walta’iinsa garee walfalmaniitiin akka xumuramu manni murtii
ni jajjabbeessa.
Murtiin dura sadarkaa falmii kamirrattuu yaadni Walta’iinsaa bu’uura armaan gadiitiin
dhihaachuu ni danda’a:
1) Manni Murtii dhimmichi Walta’iinsan yoo xumurame irra caalaa bu’aa argamsiisa jedhee
yoo amane yaada kana garee falmitootatiif kaasee yaadichis garee falmitootatiin
fudhatama yoo argate;
2) Garee falmitootaa keessaa inni tokko dhimmicha Walta’iinsan xumurachuuf fedhii
qabaachuu isaa barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtiif yoo ibse fi gareen biraatis
yaadicha yoo fudhate;
3) Gareen falmitootaa waliigaluudhaan dhimmicha Walta’iinsan xumurachuuf fedhii qabaachuu
isaanii barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtiif yoo ibsan;
4) Garee sadaffaan gareen walfalman dhimma isaanii walta’iinsaan fixachuuf fedhii kan qaban
ta’uu isaa Mana Murtiif ibsee yaadni kunis gama mana murtiin garee walfalmaniif dhihaatee
fudhatama yoo argate.
1) Gareen walfalman dhimma irratti waldhaban ilaalchisee waliigaluu kan danda’an yoo
ta’e;
2) Gareen walfalman adeemsa kanaan waldhabdee isaanii xumurachuu irratti kan waliigaluu
danda’an yoo ta’e;
3) Ragaa gareen walfalman irratti waliigaluu dadhaban irratti murtii kennuun kan hin
barbaachisne yoo ta’e;
4) Qabxii seeraa gareen walfalman irratti waliigaluu dhadhaban irratti murtii kennuun kan
hin barbaachisne yoo ta’e;
5) Gareen walfalman waldhabdee isaanii walta’iinsan kan hin xumuranne yoo ta’e walitti
dhufeenyi, kabajni, diinagdeen fi caarran isaanii garmalee kan miidhamu yoo ta’e;
6) Sirni Walta’iinsaa daran hirmaachisaa waan ta’eef, gareen walfalmitootaa bu’aa walta’iinsaa
irra gahudhaf fedhii fi dandeettii kan qaban yoo ta’e;
7) Gareen walfalman dhimmicha walta’iinsan xumuruudhaan walqabatee adeemsa
too’achuudhanis ta’ee qabxiiwwan tokkoon tokkoon falmii keessatti ka’an xiinxaluuf
ogummaa gahaa qabaachuu isaanii irraa kan ka’e geddu-lixummaan jaarsaa kan hin
barbaachisne yoo ta’e;
8) Dhimmi falmiif ka’umsa ta’e dantaa uummataa kan of keessaa hin qabne ta’uu isaa irraa kan
ka’e xiyyeeffannoo fi xiinxala uummataa kan hin barbaanne yoo ta’e;
KUTAA SADI
SIRNA ARAARAA
Murtiin dura sadarkaa falmii kamirrattuu yaadni Araaraa bu’uura armaan gadiitiin dhihaachuu ni
danda’a:
1) Manni Murtii dhimmichi Araaran yoo xumurame irra caalaa bu’aa argamsiisa jedhee yoo
amane fi yaada kana garee falmitootatiif kaasee yaadichi garee falmitootatiin fudhatama
argate;
2) Garee falmitootaa keessaa inni tokko ykn lamaan isaanii dhimmicha Araaraan
xumurachuuf fedhii qabaachuu isaa barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtiif yoo ibse;
3) Jaarsi falmiin kun Araaraan akka xumuramu Mana Murtiif yaada dhiheessee yaadni kun
mana murtichaa fi garee falmitootatiin fudhatama yoo argate dha.
1) Jaarsi Araaraa, ulfina dhimmichaa irraa kan ka’e ykn gareen walfalman fedhii isaanitiin
kan filatan yoo ta’e malee, nama tokko ta’a;
2) Kan gareen walfalman filatan akkuma eegametti ta’ee, Abbaan Seeraa jaarsa alaa
yommuu filu, Kewt 10(2) qajeelfama kanaa geddu-galeessa godhachuu qaba.
Jaarsi Araaraa adeemsa araaraa keessatti gahee fi shoora armaan gadii ni qabaata:
Jaarsi Araaraa:
Araarri walfalmii tokko irratti taasifamaa jiru sababoota armaan gadiitiin addaan cituu ni
danda’a:
1) Garee walfalman keessaa inni tokko Araara addaan kutuuf yoo barbaade fi kanuma
barreeffamaan ykn haala ifa ta’een jaarsa Araaraa yoo beeksise;
2) Jaarsi Araaraa walfalmichi Araaraan xumuramuu isaa irraa abdii kan hin qabne ta’uu
isaa barreeffamaan Mana Murtii fi garee walfalman yoo beeksise fi
3) Gareen walfalman araaramuudhaan waliigaltee Araaraa kan mallatteessan yoo ta’e dha.
1) Bu’aan Araaraa ulaagaa seeraa guutudhaan garee walfalmaniin yoo mallattaaye garee
waliigalticha mallatteessanirratti dirqama raawwatiinsaa ni qabaata;
2) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, Jaarsi
Araaraa Aadaa naannichaa irratti hunda’uudhaan akkasumas fedhii walfalmitootaa irratti
tilmaamama keessaa galchuudhana dhimmicha Jaarsummaadhaan xumuruu ni danda’u.
3) Abbaan Seeratis bu’aa Araaraa kana seera qabeessa ta’uu isaa erga madaaleen booda
mirkaneessudhaan qaama murtii ni taasisa.
Kutaa Afur
Sirna Jaarsummaa
Dhimma Seerri Jaarsummaan akka hin ilaallamne dorke malee, murtiin dura sadarkaa falmii
kamiittuu yaadni jaarsummaan walfalmii xumuruu bu’uura armaan gadiitiin dhihaachuu ni
danda’a:
1) Manni Murtii dhimmichi Jaarsummaan yoo xumurame irra caalaa bu’aa qabeessa jedhee
yoo amane yaada kana garee walfalmitootaaf kaasee yaadichi garee walfalmitootaan
fudhatama yoo argate;
2) Gareen walfalman dhimma isaanii Jaarsummaadhaan xumurachuuf fedhii qabaachuu
isaanii barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtiif yoo ibsan,
3) Walfalmitoota keessaa nama tokkoon ykn sanaan oliin dhimmichi Jaarsummaadhaan
akka xumuramu fedhii qabaachuu isaa barreeffamaan ykn afaaniin Mana Murtiif yoo
ibsame fi falmitoonni kaanis yaadicha yoo fudhatan ykn
4) Jaarsi Dhimmichi Jaarsummaadhaan akka xumuramu yaada Mana Murtiif dhiheessee
yaadni kun garee walfalmitootaa fi mana murtiitiin fudhatama yoo argate dha.
1) Aadaan ykn Seerri dirqisiisaan yoo jiraate malee, akkuma salphina fi ulfinaa dhimmichaatti,
baayyinni Jaarsaa nama tokko, sadii ykn shan ta’a.
2) Jaarsi amanamaa, kan haqaaf dhaabbate, garee lachuu irraa bilisa kan ta’en ykn dhimma
jaarsummaan ilaalu keessaa bu’aa ykn faayidaan eeggatu kan hin jirree fi hawaasa keessatti
waan gaarii hojjechuudhaan maqaa gaarii qabaachuu qaba.
3) Jaarsi tokko qofa yoo ta’e, gareen walfalman irratti waliigaluu qabu. Sanaan ol yoo ta’e,
gareen walfalman jaarsa walqixa kan filatan ta’ee walitti qabaa waliigalanii filatu.
4) Gareen walfalman walitti qabaa jaarsaa waliigalteedhaan filachuu kan hin dandeenye yoo
ta’e, jaarsoliin garee lamaanii sagalee guutuudhaan ni filu; Jaarsoliin waliigaluu yoo
dadhaban, Manni murtii ni fila.
5) Gareen tokko ykn lamaanuu guyyaa hojii 5 keessatti sababa adda addaatiin jaarsa gama ofii
filachuu yoo dhabe, manni murtii ni filaaf.
6) Jaarsi gareen tokko filate gareen biraa sababa gahaa fi amansiisaa dhiyeessuudhaan yoo
morme malee jarsa ta’ee itti fufa.
1) Manni murtii jaarsa filatameef filatamuu fi aangeffamuu isaa ibsuudhaan kallattii ittiin
dhimmicha ilaaluu qaban ibsuufii qaba; Jaarsi dhaddacha irratti kan hin argamne fi bakka
inni hin jirretti filatameera yoo ta’e, kanuma karaa garee walfalmaniitiin erguufii qaba.
2) Manni murtii dhimma tokko jaarsummaatti yoo qajeelchu fedhii fi hayyama garee
walfalmanii irratti hunda’uudhaan akkuma barbaachisummaa isaatti ijoo dubbii bitaa fi
mirgaa guutuu ykn gartokkee isaa irratti murtii akka kennan taasisuu ni danda’a.
1) Jaarsi dhiibbaa kam irraa iyyuu bilisa ta’ee jaarsummaa geggeessuu qaba.
2) Jaarsi Jaarsummaa osoo hin eegalin dura bu’uura aadaa isaatiin dhugaa fi haqaaf kan
dhaabbate ta’uu garee walfalman duratti waadaa seenuu qaba.
3) Jaarsi dhimma Jaarsummaan ilaalaa jiru waliin walqabatee garee kamuu waliin
walqunnamtii bilisummaa fi jiddugaleessummaa isaa miidhuu danda’u hunda irraa of
qusachuu qaba.
1) Jaarsi tokko haqummaa kan hin qabne ykn garee tokko irraa bilisa ta’uu dhabuu
isaa dhimmi agarsiisu yoo argame ykn shakkiin qabatamaan yoo dhiyaate,
gahumsaan dirqama isaa bahuu yoo dhabe, irra deeddebi’ee Jaarsummaa irraa kan
hafu yoo ta’e, tumaalee qajeelfama kanaa isaan dirqisiisoo keessaa tokko ykn
sanaa ol cabsuun isaa yoo mirkanaa’e, akkasumas sababa gahaa birotiin iyyannoo
garee walfalman irraa dhiyaatu, ykn gaaffii fedhii isaarratti hundaayee dhihaatu
irratti hunda’ee murtii kennamuun Jaarsummaa irraa ka’uu ni danda’a,
2) Gareen Jaarsi Jaarsummaa irraa akka ka’u gaafatu sababa isaa barreeffamaan ykn
afaaniin mana murtii ykn jaarsatti dhiyeessuu qaba. Manni murtii ykn jaarsi
iyyannoon itti dhiyaate iyyannoon sun garee walfalmitootaa isaan kaan akka gahu
ni taasisa.
3) Qaamni Jaarsi Jaarsummaa irraa akka ka’u gaafatu sababiin Jaarsa Jaarsummaa
irraa kaasu jiraachuu guyyaa beeke irraa kaasee guyyoota hojii itti aanan 5
keessatti gaaffii dhiyeessuu yoo dhabe gaaffii isaa akka dhiisetti fudhatama.
4) Gareen yeroo keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti ibsame keessatti iyyannoo
isaa sababa humnaan ol ta’een utuu hin dhiyeeffatiin hafe iyyannoo isaa mana
murtii ykn jaarsoleetti dhiyeeffachuudhaan hayyamsiifachuu ni danda’a.
5) Jaarsi iyyannoon irratti dhiyaate jaarsummaa irraa ka’uu kan danda’u:
A) Iyyanni Jaarsummaa Jaarsa tokkoon geeggeeffamuu, Jaarsa Manni Murtii
Muudee fi Jaarsolii harka caalaa irratti dhiyaatu kamiyyuu mana murtiitiin
murta’a;
B) Kan keewwata kana keewwaata xiqqaa 5(A) jalatti tumame akkuma jirutti
ta’ee; iyyanni jaarsolii harka xiqqaa irratti dhiyaatu jaarsolii hafaniin kan
murta’u ta’a. Jaarsoleen iyyannoo irratti murtii kennan sagalee walqixa
iddoo lamatti yoo bahee yaadni walitti qaban deeggeran fudhatama qabaata.
Iyyanni walitti qabaa Jaarsaa fi Jaarsolii kaan irratti yoo dhiyaate fi sagaleen
Jaarsolii murtii kennanii walqixa yoo ta’e iyyannichi mana murtiitiin
murta’a.
1) Namni jaarsummaatti filatame filannoo sana fudhachuu yoo dide, fedhii isaatiin
jaarsummaa irraa yoo ka’e, yoo du’e, dandeettii yoo dhabe, yoo dhukkubsate ykn sababa
biroo kamiinuu jaarsummaa irraa akka ka’u yoo murta’e akkaataa Keewwata kanaa
keewwata xiqqaa (2 fi 3) jalatti tumameen jaarsi bakka ni bu’a.
2) Jaarsummaa Jaarsa tokkoon gaaggeeffamaa ture irraa Jaarsi sun yoo ka’u; Jaarsi haaraan
adeemsa Jaarsi inni duraa ittiin filatame hordofuudhaan ni filatama.
3) Jaarsummaa Jaarsa sadii fi sanaan oliin gaaggeffamaa ture irraa Jaarsi yoo ka’u; Jaarsolii
hafaniin dhimmicha itti fufanii ilaaluun kan hin danda’amne yoo ta’e Jaarsi haaraan
adeemsa Jaarsi inni duraa ittiin filatame hordofuudhaan ni filatama.
1) Seerri dirqisiisu yoo jiraate ykn gareen walfalman seera, aadaa ykn amantaa
walqixxummaa garee walfalmanii eegsisuu danda’uun jaarsummaan akka geeggeffamu yoo
waliigalan malee, jaarsummaan hundi bu’uura qajeelfama kanaatiin gaggeeffama.
2) Dhimmoota qajeelfama kana keessatti hin hammatamne ilaalchisee, jaarsummaan, seerota
rugummaa qaban ykn waliigaltee garee walfalmaniitiin kan gaggeeffamu ta’a.
3) Jaarsummaan adeemsa gareen walfalman bilisa ta’anii dhimma isaanii guutummaan guututti
ittiin dhiyeeffachuu danda’an kamiyyuu hordofuudhaan gaggeeffamuu ni danda’a.
4) Jaarsi jalqaba irratti gareen walfalman adeemsa hordofuu qaban irratti akka waliigalan
gargaarsa gochuu qaba.
1) Jaarsummaan jaarsa sadii fi sanaan gadiin geeggeffamu miseensonni hundi yoo argaman
qofa adeemsifama.
2) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, hojiiwwaan
bu’aa Jaarsummaa irratti dhiibbaa fiduu hin dandeenye kanneen akka iyyannoo (himannaa
ykn deebii) barreeffamaa fi ragaa barreeffamaa fuudhuu fi beellama jijjiiruu jaarsolii
argaman qofaan hojjetamuu danda’a.
1) Seeran haala biraatiin yoo tumame malee dhimmi Jaarsummaa seera gareen walfalman
filataniin ilaallama.
2) Kan keewwata kana keewwaata xiqqaa tokko jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, seerri
dhimma sanaa irratti dirqisiisaa ta’e, haalli waliigalaa dhimma sanaa fi hojimaatni naannoo
sana jiru tilmaama keessa galee seerri jaarsummaan ittiin geeggeffamu filatamuu qaba.
1) Himatamaan guyyaa deebii isaa akka dhiyeessu ajajame keessatti dhiyeeffachuuf dirqama
qaba.
2) Himatamaan deebii isaa guyyaa akka dhiyeessu ajajame keessatti sababni dhiheessuu
dhabeef kan Jaarsolee amansiise yoo ta’e, deebii isaa akka dhiyeeffatu yeroon dabalataa
kennamuufii danda’a.
3) Sababni dhihaate amansiisaa yoo hin taane, mirgi deebii kennuu bira darbamee
Jaarsummaan itti fufa.
4) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1-3 jalatti tumame akkuma barbaachisummaa
isaatti himannaa himatammummaa irrattis raawwatiinsa qabaata.
5) Garagalchi himannaa himatamummaa fi ragaan dhihaate karaa walitti qabaa Jaarsaatiin
himataa dhaqqabee deebiin guyyaa ajajame keessaatti dhihaachuu qaba.
1) Gareen kamuu osoo adeemsi Jaarsummaa hin xumuramiin dura himannaa, himannaan
himatamaa ykn deebii isaa fooyyeffachuuf iyyannoon gaaffachuu ni danda’a.
2) Iyyannaan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsame dubbii dheeressuuf ykn garee
isa biraa dhamaasuuf malee haqa argamsiisuuf akka hin taane jaarsoliin yoo itti amanan
iyyannaa sana kufaa godhanii dhimmicha ilaaluu itti fufuu danda’u.
1) Falmiin garee walfalmitootaan barreeffamaan dhiyaate akkuma jirutti ta’ee falmiin afaanii
akka gaggeeffamu ni taasifama.
2) Jaarsummaa nama tokkoon geeggeffamu irraa jaarsi sun yoo ka’u ykn jaarsummaa jaarsota
hedduutiin geeggeffamu irraa walitti qabaan jaarsaa yoo ka’u falmiin afaaniin taasifame
akkuma barbaachisummaa isaatti irra deebi’amee ni gaggeeffama. .
3) Falmii afaanii biraa geeggessuun yoo barbaachise ykn falmiin afaanii calqabamee utuu hin
xumuramiin yoo hafe, yeroo itti aanutti geeggessuuf beellamni kennamuu ni danda’a.
4) Falmii yeroo lammaffaaf gaggeessuuf beellamni kennamu beellama idilee caalaa
gabaabbachuu qaba.
5) Gareen tokko himannaa ykn deebii isaa keessatti dhimma ibse mirkaneessuuf dirqama qaba.
6) Gareen raga namaa dhiheessuu barbaade, dursee maqaa fi teessoo isaanii jaarsolii fi garee
kaan beeksisuu qaba.
7) Ragootni jaarsolii duratti dhiyatanii erga sirna kakuu raawwatan booda jecha isanii kennuu
qabu.
8) Ragaan tokko jaarsa biratti dhiyaatee jecha ragummaa isaa kennuu kan hin dandeenye
ta’uun isa yoo mirkanaaye, ragummaa isaa barreeffamaan ykn haala biraa jaarsi itti
amaneen akka kennu taasisuun ni danda’ama.
9) Murtii haqaa qabeessa ta’e kennuuf jecha gareen walfalman ykn gareen tokko ragaan
dabalataa akka dhiyaatuuf jaarsa gaafachuu ni danda’a. Haa ta’u malee ragaan dabalataa
yeroo akka dhiyaatu ajajamu haala alloogummaa fi haqummaa jaarsolii hin faalleessineen
ta’uu qaba.
10) Ragaan dhiyaate fudhatama, rogummaa fi ulfina qabaachuu fi dhiisuu isaa jaarsoliin
madaaluu qabu.
1) Jaarsoliin murtii haqaa kennuuf ni gargaara jedhanii yeroo itti amanan, ogeessi tokko ykn
sanaa ol dhimma falmiif sababa ta’e qoratee bu’aa isaa barreeffamaan akka dhiyeessu ajajuu
ni danda’u. Muudama ogeessa kanaatis garee walfalman beeksisuu qabu. Ogeessotnis haalli
addaa yoo dirqisiise malee qorannoo isaanii iddoo gareen walfalman argamanitti
gaggeessuu qabu.
2) Garagalchi gabaasa ogeessaa garee walfalman gahee gareen fedhii qabu yaada isaa akka
barreeffamaan dhiyeeffatu carraan ni kennnama.
3) Gabaasni ogeessi dhiheessu ifa ta’uu yoo dhabe ykn gareen walfalman mormii gabaasicha
irratti yoo kaasan ogeessoonni sun qaamaan dhiyaatanii bu’aa qorannoo ifa akka godhan
Jaarsoliin taasisuu danda’u.
1) Guyyaa deebii eeguuf beellamametti himatamaan deebii qabatee dhiyaatee himataan garuu
yoo hin dhiyaatiin, deebiin himatamaa irraa fuudhamee galmeetti qabamee beellamni falmii
afaaniif ni qabama.
2) Guyyaa deebiin eegamu himataan dhiyaatee waraqaa yaamichaa himatamaan gahuu isaa
yoo mirkaneesse fi himatamaan ykn bakka bu’aan isaa sababa gahaa malee osoo hin
dhihaatiin yoo hafe, iddoo himatamaan hin jirretti falmiin afaanii ni gageeffama ykn
dhagahuuf ni beellamama.
3) Himatamaan guyyaa deebii kennuu qabu irraa eegalee guyyoota hojii 5 itti aananii jiran
keessatti dhiyaatee sababa gahaa qabaachuu isaa yoo mirkaneesse deebii akka kennu jaarsi
hayyamuufii ni danda’a.
4) Gareen yeroo murta’e keessatti ragaa akka dhiyeesu ykn hojii biraa raawwate akka dhiyaatu
ajajame tokko dhiyaatee sababa gahaa agarsiisuu yoo baate ragaa fi falmii duraan
gaggeffame irratti hunda’amee murtiin ni kennama.
Keewwata 40: Falmii Xumuruu
1) Gareen walfalman falmii fi ragaa isaanii dhiyeessanii xumuruu isaanii yoo ibsan ykn
jaarsoliin falmiin xumuramuu yoo mirkaneeffatan falmiin xumuramuu isaa garee
walfalmaniif ibsuu qabu.
2) Erga falmiin xumuramuun beeksifameen booda, jaarsoleen haalli addaa falmiin akka hin
xumuramne ykn akka irra deebi’amuu qabu agarsiisu Jiraachuu isaa hubatan ykn
walfalmaitoota keessaa gareen tokko yoo hubachiise falmiin irra deebi’amee dhagahamuu
danda’a.
1) Gareen walfalman guyyaa garagalcha bu’aa araaraa fudhatan irraa eegalee guyyaa hojii
10 keessaatti waanti ifa hin taane, ifa akka ta’uuf ykn dogoggorri barreeffamaa ykn
herregaa akka sirreeffamu ykn dhimma jaarsummaan akka ilaalamu gaafatame irratti
jaarsummaan utuu hin ilaaliin bira darbe irra deebi’ee akka ilaalu jaarsa gaafachuu ni
danda’u.
2) Gaaffiin ykn iyyannaan dhiyaate fudhatama kan qabu ta’uu jaarsi yoo itti amane ibsa
gaafatame ni kenna, dogoggora uumame ni sirreessa ykn yaada garee kaanii tilmaama
keessa galchuudhaan bu’aa jaarsummaa dabalataa ni kenna.
3) Iyyanni dhiyaate fudhatama yoo dhabe, sababni isaa barreeffamaan ibsamuu qaba.
4) Ol’iyyannoo gaafachuu fi bu’aan Jaarsummaa akka diigamu mormii dhiyeessuu
ilaalchisee tumaaleen seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa raawwatiinsa ni qabaatu.
Kutaa Jaha
1) Jaarsi dhimma Araaraan ykn Jaarsummaan ilaaleen walqabatee dubbii dubbate ykn
sababa bu’aa Araara ykn murtii Jaarsummaa keessatti barreesseef itti gaafatamummaa
yakkaas ta’ee hariiroo hawaasaa hin qabaatu.
2) Keewwaata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma jirutti ta’ee, Jaarsi itti
yaadee balleessaa raawwate seerota rugummaa qabaniin kan itti gaafatamu ta’a.
Barbaachisaa ta’ee yoo argame, Gumiin Waliigalaa qajeelfama kana fooyyeessuu ni danda’a.
Keewwata 51: Yeroo Hojiirra Oolmaa
Qajeelfamni kun ___________________ irraa eegalee hojii irra kan oolu ta’a.