Professional Documents
Culture Documents
Kutaa - Tokkoffaa
Waliigala
3. Hiika
Jechi hiikichaa hiika biroo yoo kennisiiseef malee, qajeelfama kana keessatti hiikawwan
Labsii Bulchiinsa Faayinaansii Lakk 156/2002 fi Dambii Bulchiinsaa Faayinaasii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk138/2004n hiika kennameef ni qabaatu.
Qajeelfama kana keessatti dabalataan:
1
5. “Galii baajataa” jechuun baajata waggaa tokko keessatti mootummaan galii
taaksii, galii taaksiin alaa, galii kaappitaalaa, gargaarsaa fi liqii irraa qabeenya
argamuu dha.
6. “Baasii baajataa” jechuun mootummaan bara baajataa waggaa tokko keessatti
tajaajilawwan kennuu fi hojiiwwan misoomaa raawwatuuf akkasumas dhimmoota
waliigalteen yookiin dirqamni seenameef qabeenya qoodamuu dha.
7. “Waamicha baajataa” jechuun hammata fiskaalaa naannichaa, faayinaansii fi
dandeettii raawwachiisummaa, akkasumas dhimmoota biroo yaada keessa galuu
qaban dabaluun manneen hojii mootummaa baajata waggaa bara itti-aanuu baasii
baajata marmaartuu fi kaappitaalaa isaan barbaachisu qopheessuun akka
dhiyeeffatan waamicha biiroon godhamu dha.
8. “Beeksisa baajataa” jechuun Caffeetiin baajata waggaa Mootummaa Naannichaa
ragga’e bu’uureffachuun Biirichi Manneen Hojii Mootummaa Naannoof baajata
hayyamame gulantaa herregaa fi gosa baasii gurguddoon, akkasumas, deeggarsa
baajataa Aanaalee fi bulchiinsa Magaalotaaf hayyamame akka beekan hojimaata
ittiin godhamuu dha.
9. "Baajataa kaappitaalaa" jechuun qabeenya dhaabbataa horachuudhaaf yookiin
fooyyeessuudhaaf maallaqa ramadamu yoo ta’u leenjii, tajaajila gorsaa fi
qorannoof maallaqa oolu ni dabalata.
10. ”Baajata marmaartuu” jechuun sagantaalee tajaajila hawaas-dinagdee itti-
fufiinsaan gaggeeffaman hojii irraa oolchuuf maallaqa ramadamuudha
11. “To’annoo baajataa” jechuun baajataa hayyamame irratti jiddugaleessummaan
to’annoo gochuuf akka danda’amu ragaa barbaachisoo ta’an argachuuf yookiin
murtoo kennuuf akkasumas baajataan ol baasiin akka hin baane to’achuuf kan
gargaaru sirna galmeessa baajataa ti.
12. “Hammata galii fi baasii waligala Dinagdee/Macro-Economic fiscal Framework”
jechuun dokumeentii waggoota sadan dhufan keessatti dhimmoota armaan gadii
agarsisuuf qophaa’u dha.
a. Agarsiistuu guddina dinagdee
b. Tilmaama galii waligalaa Naannoo (RGDP)
c. Tilmaama galii fi baasii Mootummaa
2
d. Uwwisa faayinaansii
e. Tilmaama gahee baajata naannoo fi aanaalee/magaalotaa
f. Qoodinsa baajata kaappitaalaa fi marmaartuu naannoo
13. “Sagantaa Inveestimeentii Mootummaa (SIM)” jechuun tilmaama fedhii baasii
baajataa kaappitaalaa waggaa sadii manneen hojii mootummaan qophaa’u.
14. “Karooraa Hojii Fizikaalaa” jechuun hojiiwwan yeroo yaadame keessatti
raawwatamuuf manneen hojiin qophaa’ee qaama dhimmi ilaaluun mirkanaa’e
agarsisa.
5. Kaayyoo Qajeelfamichaa
Kaayyoon qajeelfama kanaa mootummaan baajata waggaa tokkoo fi baajata yeroo giddu
galeessaa keessatti dameewwan bulchiinsaa fi tajaajila maraan, dinagdeen, hawaasummaa
fi tajaajila adda addaatiif fi hojiiwwan misoomaaf baasii barbaachisu haala saffisa fi bu’a
qabeessa ta’een qoodiinsa baajataa gaggeessuuf, hojiirra oolmaa baajataa hordofuu fi
bulchuuf sirna dandeessisu diriirsuufii dha.
Kutaa - Lamaffaa
3
a) Hammata fiskaalaa fi Maakiroo Ikonoomikii (Macro-Economic and Fiscal
Framework) wagga sadii qopheessuun Mana Maree Bulchiinsatti dhiyeessuun ni
mirkaneessisa.
b) Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalootaaf tilmaama deeggarsa baajata waggoottan
sadan itti aanaanii ni beeksisa.
c) Karoora fiskaala waggaa ni qopheessa, ni beeksisa.
4
c. Biirichi karoora hojii fizikaala hanga Bitooteessa 30tti ni qopheessa.
6. Waamicha Baajataa
5
b. Baajatni Biiroodhaan qophaa’ee fi deeggarame baajata marmaartuu fi
kaappitaalaa kan Naannoo, deeggarsa baajataa Aanaalee fi Bulchiinsa
Magaalotaaf kennamu, akkasumas uwwisa baasii ni hammata.
c. Biiroodhaan baajata dimshaashaa qindaa’e Mana Maree Bulchiinsatiin akka
mirkanaa’u hanga Caamsaa 20tti ni dhiyeessa.
Manneen hojii mootummaa qophiin baajataa akkaataa sagantaa yeroo kanatti aanee
taa’een raawwatamuu qabu.
1. Qophii baajataan dura: Waamichi baajataa osoo hin godhamin dura manneen hojii
mootummaa gaaffii baajataa sagantaa taa’e keessatti dhiyeessuu akka danda’an
kan gargaaran gamaaggama raawwii hojii waggaa walakkaa (ji'a 6) gaggeessuu,
karoora hojii wixineessuu fi baasiiwwan tajaajila adda addaa qopheessuu fi kan
kana fakkaatan hojiiwwan qophii baajataan duraa hanga Guraandhala 30tti
rawwachuun irraa eegama.
2. Gaaffii baajataa manneen hojii mootummaa dhiyeessuu:
a) Biiricha irraa waamichi baajataa fi dhimmootni xiyyeeffannoo akka isaan
qaqqabeen gaaffii baajata isaanii qopheessuu qabu.
6
b) Gaaffii baajataa isaanii waamicha baajataa irratti xiyyeeffannoowwan
ibsamaanii fi daangaa yeroo taa’e keessatti yoo dhiyeessuu baatan, Biiriichi
ragaa qabu irratti hundaa’uun baajata mana hojichaaf ni gahaa jedhee yaade
deeggaree mootummaa naannoof ni dhiyeessa.
c) Gaaffiiwwan baajata isaanii unkaa dhimma kanaaf qophaa’etti fayyadamuun
yookiin sirna ragaa elektirooniksii diriireetti fayyadamuun qopheessuun,
tarreeffama herrega hojimaatichaa fi ragaalee barbaachisoo deeggaraniin
walqabsiisuun hanga Ebla 15tti Biiroof dhiyeessuu qabu.
Hojiin karooraa fi baajata mirkaneessisuu sagantaa yeroo haala armaan gadiitti taa’ee tiin
raawwata.
7
Kutaa- Sadii
Bulchiinsa Baajataa
9. Jijjiirraa Baajataa
8
i. Hojiiwwan barreen darban keessa raawwatamaniif bara baajatichaa
keessatti baajatni gahaan kaffaltii hojiiwwan kanaaf oolu mana hojichaaf
kan hin hayyamamne yoo ta’e,
ii. Piroojektoota mana hojii tokkoof ramadame irraa baajata jijjiiruun
piroojektoota biroof oolchuun kan hin danda’amne yoo ta’e, yookiin
gaaffiin jijjiirraa Biiroof dhiyaatee piroojektii mana hojii biraa irraa
jijjiirraan baajataa kan hin argamne yoo ta’e; gaaffiin jijjiirraa baajataa
Biiroof dhiyaate fudhatama yoo argate, murtiif Mana Maree Bulchinsa
Mootummaaf dhiyaate yoo mirkanaa’e baajata ittiin eegannoo irraa unkaa
J/B/1 guutuun yookiin haala sirna oddeeffannoo eleektirooniksii dirireen
jijjiirraa baajata raawwachuun baasichi akka uwwifamu ta’a.
f. Murtii mootummaatiin manni hojii mootummaa haaraan tokko bara baajatichaa
keessatti baajatni osoo hin ramadamiiniif yoo hundeeffame baajatni mana
hojichaaf barbaachisu Biiroodhaan deeggaramee Mana Maree Bulchiinsaaf
dhiyaatee haala murtii kennamuun baajata ittiin eegannoo yookiin manneen
hojii irraa jijjirraa itti raawwachudhaan baajata akka qabaatu ni ta’a
2. Jijjiirraa baajata marmaartuu manneen hojii mootummaa keessatti
raawwatamu
a. Baajataa marmaartuu irraa gara baajata kaappitaalaatti jijjiiruun ni
danda’ama,
b. Manni hojii mootummaa sadarkaa naannoo, godinaa fi aanaa/magaalaa
baajata akka bulchu GBM4n beeksifame kamiiyyuu mata dureewwan
baasii baajata marmaartuu kan biroo (hojii adeemsistuu) irraa gara tajaajila
namummaatti (mindaa, kaffaltii gatii humnaa, faayidaaleef) jijjiiruun kan
danda’amu oogganaa Biirroof dhiyaatee yoo hayyamame qofaadha.
c. Baajata dhimma namummaaf (mindaa, kaffaltii gatii humnaa,
faayidaaleef) qabame irraa baajatni kan hafu yoo ta’e of eeggannoodhaan
gara hojii adeemsistuu fi baajata kaappitaala jijjiruun ni danda’ama.
Garuu, gita banaa qabame haquun mindaa irra gara hojii adeemsistuutti
kan jijjiramu yoo ta’e, dhimmi addaa BMMD/WMMD amansisuu hanga
9
hin dhiyaatnetti baajata gita banaa bara itti aanuu qabamu irraa hanga
baajataa jijjiramee hir’isuun gitni kuniis deebi’e akka hin qabamne ta’a.
d. Keewwata 9 keewwata xiqqaa 2 (b) jalatti kan taa’e jiratullee baajata
leenjii, nyaataa, qorichaa, uffata seeraa fi kiraa manaaf qabamerraa gara
baasiiwwan biroo kamittuu jijjiirruun hin danda’amu.
e. Sagantaa haaraan mana hojii tokko keessatti yoo jalqabee fi sagantichi
gahee hojii mana hojichaa ta’uun isaa Mana Maree Bulchiinsatiif
dhiyaatee yoo mirkanaa’e baajata duraan mana hojichaaf hayyamamee
irraa jijjirraa Biiroo hayyamsiisuudhan saganticha ni raawwata.
f. Gita herregaa baajatni irratti hin qabamne tokko irratti jijjirraan kan
raawwatamu hojii haaraan dabalataan yookiin dhimmi dirqisiisaan mana
hojii mootummaa tokko yommu qunnamuu dhimmichi ragaa qabatamaa
waliin Biiroof dhiyaatee yoo hayyamame qofadha.
g. Gita herregaa baajatni irraa jijjiirame tokkotti deebi'anii itti jijjiiruun
akkasumas gita herregaa baajatni itti jijjirame tokkorra deebi'anii kaasuun
hin danda'amu.
h. Manni hojii mootummaa tokko osoo qajeelfama kana hin faallessin
baajata isaaf ramadame waajjira sadarkaa naannoo irraa gara damee isaa
gadiitti (manneen hojii godinalee fi dhaabbilee bakka bu’iinsa mana
hojichaan sadarkaa gaditti bulan) jijjiirraa baajataa raawwachuu ni
danda'a. Jijjiirraan godinarraa gara godinaatti raawwatamuu kan danda'u
Biiroodhaan yoo mirkanaa’e qofadha.
i. Jiijjiirraan sadarkaa manneen hojii godinaa fi dhaabbilee bakka bu’iinsa
mana hojichaan gaditti jiran keessatti godhamu akkaataa qajeelfama kana
keessatti taa'ee jiru osoo hin faallessin baajatuma isaanii hayyamame qofa
keessatti malee abbaa baajata biraa waliin ta'uu hin danda'amu.
j. Jijjirraan baajataa bakka bu’iinsaa godinaa fi Aanaalee/Bulchiinsa
Magaalaatiin bulu kan raawwatu akkaataa qajeelfama kana keessatti taa'e
osoo hin faallessin baajatuma isaanii hayyamame qofa keessatti
sadarakuma godina fi aanaa/magaalaatti ta’a,
10
k. Gita herregaa 6300 (Bittaawwan qabeenya dhaabbataa) irraa gara gita
herrega 6100 (dhimma namummaa) fi gita herrega 6200 (tajaajilaa fi
meeshaalee)tti jijjiirraa raawwachuun hin danda’amu, garuu 6300 keessatti
waliin isaani gidduutti raawwatamu ni danda’ama,
l. Keewwata 9 keewwata xiqqaa 2 kana ilaalchisee aangoon Biiroon qabu
sadarkaa Aanaa/Magaalaatti Waajjirri Maallaqaa fi Misooma Dinagdee
Aanaa/Magaalaa ni qabaata. Aangoo manni hojii mootummaa sadarkaa
naannootti qabu manni hojii mootummaa sadarkaa Aanaa/Magaalaatti jiru
ni qabaata.
m. Manni hojii mootummaa tokko sababa jijjiirama caasaatiin waliitti yoo
makame yookiin adda ba’e yookiin hojiin tokko karaa mootummaatiin
barbaachisummaan isaa yoo itti amanameen alatti jijjiirraan baajataa kan
raawwatamuu danda'u Amaajjii 1 irraa hanga Caamsaa 30 bara baajataa
sanii qofaatti dha.
3. Jijjiirraa baajata kaappitaalaa manneen hojii mootummaa keessatti
raawwatamu
a. Baajata kaappitaalaa irraa gara baajata marmaartuutti jijjiiruun hin danda'amu
b. Piroojektii tokko keessatti gulantaa baasii tokkorraa gara gulantaa baasii birootti
jijjiirraan raawwatamuu ni danda’ama
c. Piroojektii tokko irraa gara piroojektii kan birootti jijjiirraan raawwatamu
Oogganaa olaanaa mana hojii mootummaa saniitiin raawwatamuu qaba. Sadarkaa
Aanaa fi Magaalaatti murtii Mana Maree Bulchiinsa Aanaa/Magaalaan kan
raawwatamu ta’a
d. Jijjiirraa baajata kaappitaalaa raawwaachuuf dhimmoota xiyyeeffannaan
kennamuufii qaban,
1. Piroojektii baajatni itti jijjiiramu ilaalchisee:
i. Piroojektiin jijjiirraan itti raawwatamu kan karoorfamee ol raawwatamee
hojii xumurameef kaffaltii raawwachuuf baajata duraan qabameefiin alatti
baajatni dabalataa barbaachisaa ta’ee yoo argamee fi ragaaleen
barbaachisaa ta'an hundi yoo guutaman,
11
ii. Baajatni bara itti aanuu yammuu deeggaramu piroojektiin tokko sadarkaa
irra gahama jedhame irra gahuu hafuun yookiin sababoota adda addaan
kaffaltiin ni raawwatama jedhamee yaadame osoo hin raawwatamin yoo
barri baajataa darbe,
iii. Piroojektiin haaraan mana hojii tokko yoo qunname barbaachisummaa fi
ariifachiisummaan Piroojektichaa Mana Maree Bulchiinsaa/Mana mare
Bulchiinsa Aanaa/Magaalaatiif dhiyaatee yoo mirkanaa’e piroojektiin
haaraan koodiin kennameefii jijjiiraan baajata hayyamame irraa itti
jijjiramee gaggeeffamuu ni danda’ama.
iv. Piroojektiinn jijjiirraan itti raawwatamu gatii caalbaasii isaa keessatti
ta'uu qaba. Kanaa ol yoo ta'e jijjiirraan raawwatamuun dura gatiin
dabalataa qaama seeraan aangoon kennameefin yoo mirkanaa’e qofa dha.
2. Piroojektiin baajatni irraa jijjiiramu ilaalchisee
i. Hojii tokkoof baajatni qabame hojii jedhameef oolee (hojiin karoorfame
istaandardii fi qulqullina barbaadamuun raawwatamee) gatiin kan
yaadamee gadi ta'uu isaatiin yoo baajatni hafe,
ii. Sababa humnaa ol ta'een hojiin piroojektii tokkoo karoorfame bara
baajatichaa keessatti hin raawwatamu yoo ta'e, yookiin duubatti harkifatee
baajatni isaa hojii irra osoo hin ooliin kan hafu yoo ta’e, jijjiirraan baajataa
irraa raawwatamuu ni danda’a.
e. Gita herregaa duraan yeroo baajatni mirkanaa’ee beeksifame baajatni irratti hin
qabamne tokko baasiin maallaqaa kan barbaachisu hojiin dirqisiisaan mana hojii
mootummaa tokko yoo qunname sababa isaa wajjin gaaffiin hayyama gita
herregichaa fi jijjiirra baajataa Biiroof dhiyaatee mirkanaa’uu qaba.
f. Jijjiirraawwan baajataa kan irraa raawwatamuun hin danda'amne:
i. Ijaarsaa fi bittaawwan (6311, 6313, 6314, 6315, 6322, 6323, 6324 fi 6326)
irraa gara gita herregaa birootti jijjiirraa raawwachuun kan hin danda'amne yoo
ta'u mata dureewwan baasii kanneen gidduutti garuu jijjiirraa raawwachuun ni
danda'ama.
12
ii. Rakkoo humnaa ol ta’een raawwachuu kan hin dandeenye yoo ta’e malee
Piroojektii tokko guutumaa guutuutti cufanii baajata irraa jijjiiruun hin
danda'amu.
g. Keewwata 9 keewwata xiqqaa 3 kana ilaalchisee keewwat xiqqaa 3 (c) irratti kan
ibsame akkuma eegametti ta’ee, aangoo Biiroon qabu sadarkaa
Aanaa/Magaalaatti Waajjirri Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Aanaa/Magaalaa
ni qabaata. Aangoo manni hojii mootummaa sadarkaa naannootti qabu manni
hojii mootummaa Aanaa/Magaalaa sadarkaa Aanaa/Magaalaatti ni qabaata.
h. Manni hojii mootummaa tokko sababa jijjiirama caasaatiin waliitti yoo makame
yookiin adda ba'e yookiin hojiin tokko karaa mootummaatiin barbaachisummaan
isaa yoo itti amanameen alaa jijjiirraan baajata kaappitaalaa kan raawwatamuu
danda'u Amaajjii 1 irraa hanga Waxabajjii 30 bara baajatichaa qofaatti dha.
4. Jijjirraa Baajataa aanaa/Magaala gidduutti raawwatamu
Aanaa/Magaala tokko irra gara Aanaa/Magaala biraatti jijjiirraan kan raawwatamuu
danda’u aanaa/magaallii baajatni itti jijjiramu rakkoo addaa isa qunnamee baajata
ramadameefiin gaggeessu kan hin dandeenye yoo ta’ee fi dhimmootni armaan gadii
keessaa keewwataa xiqqaa ”a” fi keewwata xiqqaa ”b, c fi d’ keessa tokko guutamee
Mana Maree Bulchiinsa Naannoof dhiyaate mirkanaa’e dha:
a. Baajatni Aanaa/Magaala saniif ramadamee hojii irra ooluu akka hin dandeenye
ragaa qabatamaan dhiyaatee Mana Maree Bulchiinsa Aanaa/Magaala mari’atee
baajatni jijjiramuu danda’u jiraachuu isaa fi ittifayyadamuu kan hin dandeenye
ta’u isaa mana maree aanaa/bulchiinsa magaalaan mirkanaa’ee yoo dhiyaatedha,
b. Bulchiinsa Aanaa/Magaalaa adda adda ture gara Bulchiinsa Aanaa/Magaala
tokkootti murtee mootummaatiin yoo dacha’e
c. Bulchiinsi aanaa tokkoo murtee mootummaatiin bakkaa lamatti yoo adda bahe
d. Gandoota Bulchiinsa Aanaa tokko jala jiran Bulchiinsa Aanaa/Magaala biroo
jalatti akka bulan mootummaan yoo murtaa’e
5. Jijjiirraan baajata marmaartuus ta’ee kan baajataa kaappitaalaa Naannoo irraa gara
Aaanaa fi Magaalatti raawwachuun aangoo Biiroo ta’ee kanneen itti aanan yoo
guutamanii dha.
13
a. Haalli dura itti hin yaadamne dirqisiisaan yoo uumame (balaa namaan ykn
uumamaan ga’u, jijjiirraa caasaan baajatni isaanii uwwisuu yoo hin dandeenye fi
kkf);
b. Mootummaan hojii tokkoof barbaachisaa ta’ee yoo arge murtiin Mana Maree
Bulchiinsaa irraa yoo kennamee dha.
6. Sadarkaa aanaa/magaalaatti jjjiirraan mana hojii mootummaa tokko irraa gara biraatti
ta'u gaaffiin mana hojii irraa WMMDtti dhiyaatee kan deeggarame Mana Maree
bulchiinsa Aanaa/Magaalaatiin murtaa'uu qaba. Waajjiirri MMDs bu'uura murtee
Mana Maree Bulchiinsa Aanaa/Magaalaa irraa barreeffamaan isa ga'uurratti
hundaayuun jiijjiirricha ni raawwata.
7. Itti Gaafatamummaa fi Gahee Hojii Jijjiirraa Baajataa Manneen Hojii
Mootummaa
Manneen hojii Mootummaa:-
14
yoo uumame ibsa gahaa ta’e wajjin gaaffi dabalata baajataa mallattoo itti-
gaaffatamaa ol’aanaa mana hojichaatiin Biirichaaf yookiin WMMD
aanaa/Magaalaaf dhiyeessuu danda’a
2. Biirichi/Waajjirri MMD sababa gaaffiin dabalata baajataa mana hojiin dhiyaate
gamaaggamuun barbaachisummaan isaa amansiisaa ta’ee yoo argamee fi jijjiirraa
baajataa mana hojichaatiin yookiin baajata ittiin eeggannoon kan uwwifamuu hin
dandeenye yoo ta’e baajata dabalataa deeggaree murtiidhaaf Mana Maree
Bulchinsa /Mana maree Bulchiinsa Aanaa/Magaalaaf ni dhiyeessa
3. Bara baajataa keessatti manni hojii haaraan akka hundeeffamu yookiin dhaabbatni
misooma mootumma tokko mana hojii mootummaa akka ta’u yoo murtaa’e bara
baajatichaa keessatti baasii isa barbaachisu jijjiirraa baajataan uwwisuun kan hin
danda’amne yoo ta’e Biirichi baajata dabalataa xiinxalee qindeessuun murtiidhaaf
Mana Maree Bulchiinsaaf dhiyeessee erga mirkanaa’een booda mana hojichaaf ni
beeksisa.
4. Manni hojii mootummaa tokko gaaffii baajata dabalataa yeroo dhiyeessu:
a. Ibsa sababa gaaffiin baajata dabalataa barbaachisee fi dokumantii
barbaachisaa ta’an wajjin dhiyeessa;
b. Gaaffiin dabalata baajataa dhiyaate kun baajata bara baajatichaa mana
hojii sanaaf ramadame irraa jijjiirraan raawwatamuu akka hin dandeenye
mirkaneessuu;
c. Baajata kaappitaalaa yoo ta’e, bu’aa fi faayidaa hojiin yaadame kun yoo
hojjetame argamsiisuu danda’uu fi ariifachiisummaa isaa, hojiin kun bara
baajataa sana keessa yoo hojjetamuu baate dhiibbaa inni fiduu danda’u
adda baasuun agarsiisuu, raawwii hojii fiizikaalaa, faayinaansii fi yeroo
hafe keessatti hanga baasii dabalataan barbaachisuu tilmaamuu
d. Gaaffiin dabalata baajataa hojjattoota haaraa qaxaruuf yoo ta’e, Biiroo
Siviil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii irraa hayyamni qaxarrii itti gaafatamaa
ol’aanaa mana hojichaatiin mallattaa’een wal qabatee Biiroodhaaf
dhiyaachuu qaba.
5. Baajatni dabalata Sadarkaa Aanaatti/Magaalaatti raawwatu kamiyyuu labsii
mootumma naannoo keessatti mul’achuu fi hayyama biiroo argachuu waan
15
qabuuf ragaan qindaa’e Biirichaaf dhiyaatee erga hayyamamee booda Mana
Maree Bulchiinsa Aanaa/Magaalaan mirkana’ee Mana Maree aanaa/magaalaan
ragga’a.
4. Manni hojii mootummaa tokko baajata isaa hayyamame, baajata sirraaye fi baasii
raawwate ibsuun unkaa Biiroon qopheessuun gabaasa ji'a ji'aan Biiroof ni
dhiyeessa.
16
6. Baajatni mootummaa Naannoo, Aanaalee fi Bulchiiinsa Magaalotaa dhuma bara
baajataa irratti yeroo herregni cufamu maallaqni hafteen argamu gara herrega
tireezyerii Biirichatti dhangala’a.
7. Haftee baajata aanaalee/magaalotaa haala qabatamaa isaanii irratti
hundaa’uudhaan sababni amansiisaan baajata itti fayyadamuu isaan dhorkee fi
sababa qubsa haftee baajataa kana fayyadamuuf yoo dhiyaate Biiroon; aanaalee fi
magaalotni dabalataan labsanii akka itti fayyadaman hayyamuu ni danda’a
Kutaa Afraaffaa
12. Haali duree itti fayyadama bakka bu’iinsa aangoo jijjiirraa baajataa
1. Biirichi haala Labsii Bulchiinsa Faayinaansii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
lakk. 156/2002 keewwata 23 keewwata xiqqaa 2tiin aangoo jijjiirra baajataa
bakka bu’insaan itti-gaafatamtoota ol’aanaa manneen hojii mootummaaf kennuu
ni danda’a. Manneen hojii bakka bu’iinsa aangoo jijjiirraa baajataa kennameef
jijjiirraa raawwachuun duraa wantootni qulqulleefachuu qaban:
17
e. Baajata marmaartuu fi kaappitalaa mana hojiif hayyamame irratti hundaa’udhaan
gabaasa itti fayyadama baajataa ji’a ji’aan hojiirra oole haala qajeelfama
bulchiinsa maallaqaa keessatti ibsameen yeroo kaa’ame keessatti dhiyaachuu,
f. Sagantaa raawwii karooraa faayinaansii fi hojii fizikaala baajata kaappitalaa
hayyamameef haaluma yeroo qajeelfama kana keessatti ibsameen biiroof
dhiyaachuu,
g. Baajata bara baajatichaaf hayyamame keessa kan hojii irra hin oollee fi kan
to’annoodhaan bira gahame maallaqaa dhangala’uu qabu yeroo bulchiinsa
dabarsa maallaqaa keessatti ibsame keessatti biiroo beeksisuu isaa
mirkaneeffachuu
13. Aangoo Bakka Bu’iinsa Jijjiirraa Baajataa
1. Manni hojii mootummaa Biiroodhaan bakka bu’iinsi kennameef itti
gaafatamummaa labsiin kennameef fiixaan baasuuf caaseffama mana hojichaa
irratti hundaa’uun sagantaa tokko irraa gara sagantaa biraatti yookiin sagantaa
tokko keessatti gulantaa baasii tokko irraa gara gulaantaa baasii biraatti yookiin
mana hojii olaanaa irraa gara damee godinaa fi dhaabbilee bakka bu’iinsa mana
hojichaan sadarkaa gaditti gulaantalee baasii giddutti jijjirraa raawwachuun ni
danda’ama
2. Itti gaafatamaa ol’aanaan mana hojii mootummaa tokko jijjiirraa baajataa
mirkaneessuun dura baajatni hojii karoorfame irraa hafu jiraachuu isaa leejera mana
hojichaa fi leejera Biiroo/waajjira Maallaqaa fi Misooma Dinagdee
Godinaa/Aanaa/Magaalaa irraa qulqulleeffachuu qaba.
3. Unkaaleen jijjiirraa baajataa itti gaafatamaa ol’aanaa fi Abbaa Adeemsa Hojii
Karooraa fi Baajataa mana hojichaatiin mallattaa’ee koppii gahaa wajjin Biiroof
dhiyaachuu qaba
4. Jjjiirraan baajataa yeroo raawwatu garaagalchiin isaa Adeemsa Hojii Ijoo
Bulchiinsaa Faayinaansii fi Adeemsa Hojii Ijoo Qophii Karooraa fi Baajataa
Biirootiif ta’u qaba.
14. Mallattoo itti –gaafatamaa ol’aanaa mana hojii bakka bu’iinsi kennameef:-
Itti-gaafatamaa ol’aanaan mana hojii mootummaa yookiin namni inni bakka buuse unkaa
jijjiiirraa baajataa J/B/1 irratti osoo hin mallatteesin sirritti guutamuu fi galaagalchii
18
gahaan qophaa’ee dhiyaachuu isaa mirkaneeffachuu kan qabu yoo ta’u gaaffiin isaas
akkaataa asiin gaditti jiruun kan raawwatamu ta’a.
1. Jijjirraan gaafatame kan aangoo mana hojiichaatiif kenname irratti yoo ta’e:
2. Kan aangoon jijjirraa baajataa mana hojiif hin kennamne irratti immoo:
a) Bakka duwwaa ”Mana Hojii Mootummaa jijjiirraa gaafatee” jedhu irratti kan
mallateessu itti-gaafatamaa ol’aanaa mana hojii mootmmaa yookiin nama bakka
bu’een ennaa ta’u
3. Jijjirraa baajataa ittiin eeggannoo irraa gara manneen hojiif yoo ta’e; Bakka
duwwaa ”Mana Hojii Mootummaa jijjiirraa gaafatee” jedhu irratti Itti-aanaa
Oogganaa fi Abbaa Adeemsa Karooraa fi Baajataa/Raawwata dhimmi ilaalu;
19
bakka duwwaa Qaama Jijjiirricha Mirkaneesse Biiroo/Waajjira MMD jedhutti itti
gaafatamaa Biiroo/Waajjira MMD yookiin Itti aanaa Ogganaa fi Abbaa Adeemsa
Karooraa fi Baajataan mirkanaa’u qaba
15. Jijjiirraan baajataa kan raawwatamu unka jijjiirraa bajataa J/B/1tiin dha.
1. Ittifayyadama unkaa jijjiirraa baajataa
a. Unki jijjiirraa baajataa, J/B/1 sadarkaa Biiroon baase kan eeggate ta'ee mana hojii
mootummaa hunda keessatti kan itti fayyadamamu ta’a,
b. Qabiyyee (content) unkichaa jijjiiruun (itti dabaluu ykn irraa hambisuun) hin
danda'amu.
a. Sadarkaa Naannootti
20
v. Galmee mana hojii mootummaa jiijjiirraa raawwatee.
vi. Baajatni mana hojii naannoo irraa gara godina fi
aanaalee/magaaloota/dhaabbilee kan deemu yoo ta’e garagaalchiin
WMMD kafaltii raawwatuu fi mana hojii/dhaabbilee jijjiirraan
raawwatameef qaqabuu qaba.
b. Sadarkaa godinaatti
21
3. Ragaan (J/B/1) jijjiirraan baajataa ittiin rawwatame guyyaa lama keesaatii
Biiroo/Wajjira MMDOtiif dhiyaachuu qaba. Jijjiirraa baajataa labsii fi dambii
bulchiinsa faayinaansii fi qajeelfama kana osoo hin eegin godhame baasi
raawwatameef ittigaafatamummaan kan abbaa jijjiirricha raawwatee ta'a.
4. Qajeelfama kanarratti hundadaa’uudhaan dogoggora jijjiirraa baajataa manneen
hojii mootummaatiin raawwatame Adeemsa Hojii Ijoo Karooraa fi Baajataa
Biiroo ykn Adeemsi karooraa fi baajata waajjira MMD godinaa/
aanaa/magaalaa mormii guyyaa 5 (shan) keessatti barreeffamaan mana hojii
jijjiirraa raawwatee ni beeksisa. Mormiin barraayu qaamota qajeelfama kana
keessatti garagalchiin akka beekan ta'eef garagalchiin beeksifamuu qabu.
17. Qajeelfamoota diigaman
Qajeelfamni kun guyyaa Guraandhala 21 bara 2004 irraa jalqabee hojjiira kan oolu ta’a.
___________________________
Siraaj Kadir
22
Miltoo 1: Gabatee yeroo Qophii Karoora fi Baajataa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Qophii Karoraa
4.3 Karooraa Hojii Fizikaalaa waggaa Mana Maree Bulchiinsa Hanga Caamsaa 30
mirkaneesuu (MMB)
23
beeksisaa Baaxii Duraa
Ragga’insa Seerummaa
Raawwachisummaa
24
lak Gosa Hojii Abbaa Hojjeetu Yeroo Raawwatamu
Qophii Karoraa
2.3 Karooraa Hojii Fizikaalaa waggaa MMB Aanaa/ Magala Hanga Adoolessa 15
mirkaneesuu
Ragga’insa Seerummaa
25
Aanaa/Magaalaa
Raawwachisummaa
12 Baajata hojii irra oolchuu fi Bulchuu WMMD fi MHM Adol 1 hangaa Waxabajjii 30
26