You are on page 1of 10

Qajeelfama Itti Gaafatamummaa Bulchiinsa Faaynaansii Mootummaa

Naannoo Oromiyaa Lakk. FA.8/2004

Kutaa tokko
Waliigala

1. Abbaa Aangoo Qajeelfama Baase


Biiroon Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa bu'uura Labsii Bulchiinsa Faaynaansii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk. 156/2002 keewwata 71 keewwata xiqqaa 2n
qajeelfama kana baasee jira.
2. Mata Duree Gabaabaa
Qajeelfamni kun "Qajeelfama Itti Gaafatamummaa Bulchiinsa Faaynaansii Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Lakk.FA-8//2004 " jedhamee waamamuu ni danda'a.
3. Hiika

Jechii hiikaa bira kan kennisisuu yoo ta'e malee qajeelfama kana keessatti jechii fi himni
labsii bulchiinsa faaynaansii mootummaa lakk.156/2002 fi dambii bulchiinsa faaynaansii
mootummaa naannoo oromiyaa lakk.138//2004 hiikaa kennameef ni qabaatu.

4. Raawwatiinsa Qajeelfamichaa
Qajeelfamni kun Labsii Bulchiinsa Faaynaansii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
lakk.156/2002 keewwata 3 tumameen Manneen Hojii Mootummaa jedhamanii hunda
irratti raawwatiinsa ni qabaata.

5.Kaayyoo Qajeelfamichaa
1. Dhaabbaticha keessatti bulchiinsi faaynaansii sadarkaa ol'aanaa qabu jiraachuu isaa,

1
2. qabeenyaawwan dhaabbatichaa /humni namaa, meeshawwan ,akkasumas faaynaansiin/
sirriitti qabamuu isaanii fi hanga danda'ameen karaa dinagdummaa, gahumsa qabuu fi
bu'aa qabeessa ta'een faayidaa irra ooluu isaanii ittigaafatamumaa qaban hubbachiisuu,

3. Maallaqni mootummaa kaayyoo mirkanaa'ee fi hamma hayyamame qofaan faayidaa


irra ooluu isaa kan mirkaneessu , akkasumas hojii dinagdummaa fi bu'a qabeessa ta'an
kan tarkaanfachiisu to'annaa cimaa fi sirna raawwatinsa irratti kan hundaa'e
hojimaatni faaynaansii diriiruu,
4. Galii ykn baasii kan ilaalan imaammata haaraalee maddisisuuf yammuu yaadamu
kanaan olitti kan ibsaman dabalatee dhimmoota faaynaansii tilmaama keessaa
galuu qaban hammatamuu isaanii mirkaneessuudhaaf itti gaafatamummaan akka
jiraatu taasisuudhaa.
Kutaa Lama
Itti Gaafatamummaa Faaynaansii
6. Itti Gaafatamummaa Faaynaansii Itti Gaafatamtoota Ol'aanoo Manneen
Hojii Mootummaa
1. Wliigala
a. Itti gaafatamtootni ol'aanoon Manneen Hojii Mootummaa aangoo fi itti
gaafatamummaa mana hojii isaanii bahuudhaa fi baajata ramadameef bu'uura
godhachuudhaan karaa baasiiwwan raawwachuun mana hojichaa hogganuu , bakka
bu'uu sagantaawwanii fi seeroota mana hojii isaanii ilaallatan raawwachiisuudhaaf
itti gaafatamummaa ol'aanaa qabu.
b. Itti gaafatamtootni ol'aanoon manneen hojii mootummaa labsii bulchiinsa
Faaynaansii, akkasumas, labsicha raawwachiisuudhaaf dambii bahe irratti
hunda'udhaan mana hojii mootummaa gaggeessan keessatti haala barbaadamee fi
karaa sirrii ta'een hojii irra ooluu isaa mirkaneessuu irratti itti gaafatamummaa
qabu.
c. Mana hojiichaa keessatti sirni to'annoo keessa iftoominnaa fi gaafatamummaa
mirkaneessuu fiakkaasumas, sirna bulchiinsa faaynaansii diriirsuuf itti
gaafamummaa qabu.
d. Baajata gita baasiin hayyamammeen ol kaffaltiin akka hin raawwatamne
2
offeeggannoo gochuuf itti gaafatamummaa qabu.
e. Itti gaafatamaa ol'aanaan mana hojiichaa keessatti qabeenyaaleen tajaajila hin
laannee fi herregaawwan walitti qabamuu hin dandeenye ilaalchisee seeroota
bulchiinsa faaynaansii fi bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa mootummaa bu'uura
gochuudhaan galmee irraa akka haqaman raawwachiisuuf itti gaafatammumaa
qaba.

2. Qophii Galmaa fi Kaayyoo Karoora Yeroo Giddugaleessaa


a. Manni Hojii Mootummaa kamiiyyuu mana hojichaa kan ilaalu galmaa fi kaayyoo ifa ta'e
yeroo giddugaleessaa waliigalaa akkasumas hojiilee dursi kennamuuf qabuu fi
galmaawwanii fi kaayyowwan kanneen hojii irra oolchuu kan danda'an tarreeffamaan
karooraawwanii fi tasiimoowwan qopheessuu qabu. Kunis mana hojii dhimmi ilaalu
keessatti hoggansa bu'aa qabeessa ta'e,bulchiinsaa fi to'anaan akka gabbatu ni
gargaara. Kaayyoowwan,galmaawwanii fi hojiiwwan dursi kennamuufii qabu kanneen
imaammataawwan mootummaa waliigalaa fi hojiiwwan Manni Maree bulchiinsaa dursi
kennamuuf qaba jechuudhaan murteesse waliin kan wal simu ta'uu qaba.
b. Adeemsi hojii karoora raawwatu sagantaawwan idilee fi kaappitaalaa, karooraawwan
yeroo giddugaleessaa,kaayyoowwan, galmaawwanii fi qophii hojiilee dursi kennamuuf
qindeessuudhaan, akkasumas , qajeelfamoota Biiroon karooraawwan kamiiyyuu
ilaalchisee baasuu eegamuu isaanii mirkaneessuuf itti gaafatamaan ol'aanaa mana
hojichaa ittigaafatamumaa qaba.
c. Sagantaan baasii kaappitaalaa fi idilee yeroo giddugaleesaa karoorsuuf bu'uura sirna
diriiruun Biiroon manneen hojii mootummaatiif qajeelfama addaa yeroodhaan ni
dabarsa. Kaayyoon sirna kanaa manneen hojii mootummaa karoora tarsiimoo
baasuudhaan gahee qaban guddisuudhaa fi qoodinsa baasii mootummaa fooyyessuudha.
Karooraawwan kaayyoowwanii fi hojiiwwan dursi kennamuuf karoora yeroo
giddugaleessaa keessatti ibsaman yeroo hojii irra oolan karoora baajata waggaa
manneen hojii mootummaa qopheessaniif bu'uura ta'u.
3. Dhimma Faaynaansii Ilaalchisee Bakka Bu'ummaa Aangoo Kennamu
a. Itti gaafatamtootni ol'aanoon manneen hojii mootummaa itti gaafatamummaa faaynaansii
dabalatee hojiilee mana hojichaan raawwatamu hunda hogganuun itti gaafatamummaa

3
dhumaa kan qaban ta'uun akkuma eegametti ta'ee, hojicha bu'aa qabeessa gochuudhaaf
hojjattoota mana hojichaa keessa jiraniif dhimmoota faaynaansii murtaa'aa ta'an irratti
bakka bu'ummaa aangoo kennuu qabu. Kunis itti gaafatamtootni ol'aanoon imaammataa fi
dhimmoota tarsiimaa'aa irratti akka xiyyeeffatan gargaara.
b.Itti gaafatamtooni manneen hojii dhimmoota faaynaansii ilaalchisee gaggeessaa adeemsa
hojii faaynaansii dhimmi ilaaluuf bakka bu'ummaa kennuu qabu. Bakka bu'aan
adeemsa hojii faaynaansii hojjettoota hojii faaynaansii kan biroof haalli aangoo bakka
bu'uummaa kennuu itti danda'au kennamuuf ni danda'a. Bakka bu'ummaan gosa kanaa yoo
kennamu gosni bakka bu'ummaa fi daangaan aangichaa barreeffamaan kan ibsamu ta'ee,
bakka bu'iinsii haala to’annaa, gabaasaa fi itti waamamummaa ifa ta’een diriiruu qaba.
c. Daangaan bakka bu'iinsa kennamu haala itti gaafatamummaa fi baldhina caasaa mana
hojichaa , dandeettii ogeeyyota faaynaansii isa keessatti argamanii fi kanneen
fakkaataniin murtaa'uu ni danda'a. Haa ta'uu malee, itti gaafatamtootni mana hojii
mootummaa akkaataa qajeelfama kana keewwata 8tin hojiiwwanii fi itti
gaafatamummaa tarreeffaman itti gaafatamaa adeemsa hojii faaynaansiif kennuu qabu.

4. Itti Gaafatama Faaynaansii Cimsuu

a. Itti gaafatamtootni ol'aanoon manneen hojii Mootummaa itti gaafatamummaa faaynaansii


isaanii gahuumsaan bahuu akka danda'an dhimmoota faaynaansii ilaalchisee aangoo bakka
bu'ummaadhaan hojjachuu mijeessuudhaaf gahee hojii fi itii gaafatamaa hojjettoota hojii
faaynaansii irratti ramadamanii cimsuun barbaachisaadha.
b. .Manni hojii mootummaa kamiiyyuu bu'aa armaan olitti tarreeffamaan argamsiisuudhaaf
gahee gita hojii faaynaansii hojii irra jiru irra deebi'anii ilaaluu fi akkuma
barbaachsummaa isaatti tarreeffaama hojii armaan gadi keewwata 7 irratti hojiiwwanii fi
itti gaafatamummaa ibsaman akka qabaatu gochuu qaba.
c. Manneen hojii mootummaa itti gaafatamummaa faaynaansii gahumsaan bahuu akka
danda'an gita hojii faaynaansiif sirriidhaa jedhanii kan yaadan sadarkaa barumsaa gadi
aanaa ,beekumsa tekniikaa fi muuxannoo hojii gahaa fi ulaagalee dandeetti barbaachisaa
murteessuu irratti Biiroo waliin mar'achuu ni danda'u.
d. Itti gaafatamaan ol'aanaan mana hojii mootummaa haala faaynaansii fi waa'ee hojii

4
faaynaansii ilaalchisee itti gaafatamaa adeemsa hojii faaynaansii irraa kallattiidhaan
gabaasnii ni dhiyaataaf.

7. Itti Gaafatamummaa fi Hojii Ittigaafatamtoota Adeemsa Hojii


Faaynaansii Raawwatanii
1. Galmaa fi Kaayyoo Karoora Yeroo Giddugaleessaa fi Tartiiba Hojii
a. Adeemsi hojii Faaynaansii adeemsa hojii karooraa waliin mar'achuun karoora
yeroo giddugaleessaa mana hojichaa keessaatti akka ammataman kan irratti
waligalamee galmaa fi kaayyoo yeroo giddugaleessaa , hojiiwwan dursi akka
kennamuuf murtaa'an adeemsofni hojii mana hojichaa fi hojjettooni akka beekanii
fi hubatan godhamuu isaa ,
b.. Adeemsi hojii mana hojiichaa galmaa fi kaayyoo ifa ta'ee kan mana hojiichaa
waliin wal simee fi kana kan tarkanfachisuu galmaa fi kaayyoo mataasaa
qabaachuu isaa,
c. Tokkoon tokkoo adeemsa hojii mana hojiichaa karoora yeroo gabaabaaf
qabeenya ramadamu galmaa fi kaayyoowwan mana hojiichaa waliigala irratti
waliigalamee fi hojiiwwan dursi kennamuuf yaada keessa kan galche ta'uusaa.
d. Hojjettoota sadarkaa kamiyyuu irratti argaman hojiicha raawwachuudhaaf kan
barbaachisu hunda guutamee fi maallaqaaf gatii walgitu argamsiisuun
barbaachisaa ta'usaa fi hojimaata fudhatama argatan kan hubatanii fi kanuma
eeganii kan hojjetaman ta'uu isaanii mirkaneessuuf ittigaafatamummaa qabu.
2. Baajata Waggaa Qopheessuu Ilaalchisee

a. Adeemsa hojii karooraa waliin mariachuudhaan qophii karoora baasii idilee fi


kaappitaalaa waggaa kan mana hojichaa qindeessuu fi kaayyoowwan, galmaawwanii
fi hojiilee dursi akka kennamuuf karoora yeroo giddugaleesaatiin mirkanaa'an waliin
kan wal siman ta'uu mirkaneessuu,

b.Qophii tilmaamaawwan baajata idilee fi kaappitaalaa waggaa mana hojichaa


qindeessuu, akkasumas, tilmaamichi sirritti kan qophaa'e ta'uusaa mirkaneessuu fi,

c.Seeroota faaynaansii hojii irra jiran bu'uura gochuudhaan tilmaamni baajataa

5
ragga'e maallatto itti gaafatamaa ol'aanaa mana hojichaan Biiroodhaaf dabarsuuf
itti gaafatamummaa qaba.

3. Bulchiinsa Baajataa Ilaalchisee


a.. Jijjiirraan baajataa kamiyyuu mata duree baajataan ykn mata dure gadi-aanaa
giddutti raawwatamu bu'uura labsii, dambii fi qajeelfama faaynaansiitiin kan
raawwate ta’uusaa.
b. Tokko tokkoo mata duree baajataa fi mata duree gadi-aanaa dhaaf, akkasumas, tokko
tokkoo piroojektii kaappitaalaatiif baajata ramadame,jijjiirraa eeyyamamee fi qooda
baajataa kan agarsiisu mala elekiitroniiksin ta'ee, mala biraan galmeen guutuun
dhaabbachuu fi eegamuu isaa,
c. Hojjattoota mootummaa Maallaqa fuudhuu , kaffaluu fi bittaa irratti bobba'an,
akkasumas, hojjettoota maallaqa Mootummaa fuudhuu, kaffaluu fi bittaa ilaalchisee
aangoon mallatteessuu kennameef galmeen tarreeffama argisiisu dhaabbachuu
isaa,
d. Hojiileen bittaa fi qabiinsa maallaqa callaa garaagarummaa kan qaban ta'uu
isaanii haala agarsiisuun itti gaafatamummaan hojjattoota adda addaatiif kennamuun
isaa, akkasumas hojjattootni ramadaman leenjii barbaachisaa kan argatan ta'uu
isaanii,
e. Gaaffiiwwan baajataa fi dabalata baajataa ilaalchisee adeemsa seerooni faaynaansii
hojii irra jiran gaafatu guutamuu isaa mirkaneessuu,
f. Sochiiwwan herrega faayaansii dirqamni itti seename leejeera baajataa irratti
yeroodhaan akka galmaa'u gochuu fi to'achuu,
g. Dameen manneen hojii baajatni ramadameef baajata isaanii ilaalchisee haalaa fi
hanga maallaqa dirqama itti seenuu danda'anii gama baasii ajajuutiin aangoon
bakkaa bu'ummaan kennameef kan argisiisu barreeffama ifa ta'een akka argatan
gochuu qabu.

4. Qabiinsa Herreegaa Ilaalchisee


a. Galmeewwan sochii faaynaansii mana hojichaa muldhisan qabachuu dabalatee
bu'uura qajeelfama Biiroon baasuun,orneelloowwan herregaa fi sirna odeeffannoo
hamayyaan hojimaatni diriirifaman kamiiyyuu hojii irra ooluu isaanii
6
mirkaneessuu.
b. Sirni hojimaata herrega mana hojichaa fedhii sochii hojii mana hojichaa waliin kan
wal sime, akkasumas to'annaa fi karoora maallaqa callaa tiif deeggarsa kan godhu
ta'uusaa mirkaneessuu
,c. Yeroo karoorri waggaa galii fi baasii mana hojichaa qophaa'u Biiroof
odeeffannoo kennuu,
d. Dhiyeessi gabaasa herregaa akkaataa sirna Biiroon diriirseen ta'uu isaa
mirkaneessuu ,
e. Itti gaafatamtoota adeemsa hojii mana hojiichaaf itti fayyadama sirnoota kana
irratti gorsa kennuu,
f. Sanadaa fi galmeewwan herregaa mana hojichaa dhiyeessuun oditii gochisiisuu,
g. Herrega walitti qabamuu hin dandeenyee galmee irraa haquu ilaalchisee bu'uura
seeroota faaynaansiin qulqulleessuun itti gaafatamaa mana hojichaaf murteedhaaf
dhiyeessuu qabu.

5. Bulchiinsa Maallaqa Callaa fi Baankii Ilaalchisee


a. Itti gaafatamaan Faaynaansii, hojii kaffaltii raawwachuu fi maallaqa walitti qabuu
dabalatee bulchiinsa maallaqa callaa fi baankii mana hojichaa ilaalchisee hordoffii
taasisuuf itti gaafatama qaba.
b.Baasii Mootummaa hir'isuu irratti manneen hojii Mootummaa itti fayyadama baankii
cimaa fi yeroo yeroodhaan tajaajila gahumsa qabu argamusaa mirkaneeffachuunirraa
eegama.
c.Sanduuqaa keessa akka bulu ykn peetii kaashiinnii akka qabamuu hanga murtaa’ee ol
kazinaa keessati yoo argamee hojjettan seeraan kan itti gaaffatamuu ta’a.

6. Maallaqaaf Gatii Walgitu Argamsiisuu Ilaalchisee


a.Itti gaafatamamtootni manneen hojii mootummaa hojii faaynaansii gaggeessaan
baajata haayyamameef maallaqni Mootummaa gatii walgitu argamsiisuu isaa tilmaama
keessa galchuudhaan qusannaa guddaa fi haala bu'aa argamsisuu danda'uun itti
faayyadamuu isaanii hodofuuf itti gaafatama qabu.
b.Bu'aa kana argamsiisuudhaaf itti gaafatamtootni hojii faaynaansii mana hojiichaa

7
maallaqni mootummaa baasii kan itti godhamu yaadaawwan imaammataa , hojiiwwan
bittaa , tajaajilaawwan jiran irratti geeddarumsa gochuu fi piroojektiiwwan
kaappitaalaa haaraa hojii irra oolchuu dabalatee sochiiwwan godhaman kamiiyyuuf
baasii barbaachisu gamaaggamuudhaaf kan dandeessisu haalli hojii mijaa'aa ta’e
diriirfamuu isaa mirkaneessuu qaba.
c. Akaakuu fi gosni gamaaggamichaa akka yaada dhihaatee fi gosa hojii dhimmichi
fakkaatuutiin adda addaa ta'uun ni danda'a. Yoo xinnaatees kanneen armaan gadii
kan mirkaneessu ta'uu qaba.

1 .Yeroo gamaaggamichi godhamutti tilmaama herregaa amansiisaa ta'uu danda'u bu'uura


gochuudhaan baasiiwwan seera qabeessa ta'anii fi bu'aan argamu tilmaama keessa
galuu isaanii ,
2. Galma ykn bu'aa imaammataa barbaadamu bira gahuudhaaf malli filatame
karaa qabeenya itti fayyadamuutiin kan biroo irraa bu'aa qabeessaa fi dinagdummaa
ta'uu isaa mirkaneessuudhaaf akka gargaru malootni biroo ilaalamuu isaanii fi
baasiiwwan isaaniis kan tilmaamame ta'uusaa,
3.Gama kaayyoo fi karoora ibsameetiin bu'aa qabeessummaa yaada dhihaatee hordofuu fi
gamaaggamuuf sirni raawwii irratti waliigalme jiraachuu isaa.
d. Itti gaafatamaan faaynaansii itti gaafatamtoota mana hojiichaa kanneen biroo waliin
mari’achuudhaan raawwatinsi faaynaansii seera qabeessa ta'e, qulqullinnaa fi bu'aa
qabeessummaan kennaa tajaajilichaa jiraachuu isaa mirkaneessuuf gamaaggama
imaammataa raawwachuudhaaf kan gargaaran galmaawwanii fi agarsiistota isaanii
qopheessuuf itti gaafatamummaa qaba.

7. Dambiiwwanii fi Qajeelfamoota Ilaalchisee


Abbaan adeemsa hojii Faaynaansii haala seeroota faaynaansii hojirra jiran waliin
walsimeen hojjachuuf tarkaanfiiwwan barbaachisaa fudhatamuu qaban ilaalchisee
Oogganaa mana hojichaatiif gorsa kennuu qaba.

8. Maallaqa Mootummaatti Seeraan Fayyadamuu


a.Itti gaafatamtooni ol'aanoo manneen hojii mootummaa maallaqni mootummaa kaayyoo

8
ramadamee fi hamma eeyyamame qofaan faayidaa irra ooluu isaa fi maallaqni kaayyoo
kamiifiiyyuu walitti qabame ykn baasii godhame seeraan ta'uu isaa mirkaneessuudhaaf
itti gaafatamummaa qabu. Abbaan adeemsa faaynaansii dhimmoota kana irratti
hogganaa mana hojichaatiif gorsa kennuu fi to'annaan barbaachisaan jiraachuu isaa
mirkaneessuu qaba.
b. Abbaan adeemsa hojii faaynaansii raawwiin galii fi baasii bu'uura armaan gaditti
ibsameen raawwatamuu akka qabu sirna agarsiisu ni diriirsa.
1. Galii sassaabamuu fi baasiin akka bahu seera isaaniif haayyamu,
2. Bu'uura baajataan baasii mata dureewwan adda addaa haayyamuu,
3. Bakka bu'ummaa aangoo seera qabeessa ta'e kamiiyyuu ,
4. Seeroota faaynaansiitiin murteewwan kennaman ,
c. Abbaan adeemsa hojii faaynaansii maallaqni mootummaa kaayyoo ramadameef qofaaf
hojii irra ooluu isaa fi walumaagalatti dhimma barbaachisaa, dinagdummaa, bu'a
qabeessa ta’ee fi bulchiinsa hojii faaynaansii cimaa ta’e gaafatu kamiiyyuu ilaalchisee
hoggaana mana hojichaatiif gorsa kannuudhaaf itti gaafatamummaa addaa qaba.

9. Gabaasa Herregaa Dhiyeessuu Ilaalchisee


a. Gabaasa herrega ji'aa Biiroof ergamu qopheesee itti gaafatamaa mana hojichaaf
yeroodhaan dhiyeessuu,
b. Mana hojii oditti mummichaatiin gabaasa herregaa waggaa oditii ta'e itti gaafatamaa mana
hojiichaaf dhiyeessuun yeroon Biiroof akka ga'u gochuu,
c. Tarreeffama herrega kaffaltii dursaa hin deebi'inii sababa hin deebi'iniif waliin itti
gaafatamaa mana hojiichaaf dhiyeessudhaan gabaasa ji'aa waliin yeroodhaan Biiroof akka
gahu itti gaafatamummaa qaba.
d. Itti gaafatamaan hojii faaynaansii herregaa mana hojiichaa ji'a ji'aan cufee Biiroof gabaasa
yeroo ergu adeemsa oditii keessaaf akka ga'u gochuuf itti gaafatama qaba.
10.Herregaa Oditti Taasisuu Ilaalchisee
a. Sanada faaynaansii fi galmeewwan mana hojichaa dhiyeessee oditii gochisiisuu,
b. Bu'uura yaada oditii kennameen yeroodhaan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu,
c. Bu'uura yaada oditiin tarkaanfii sirreeffamaa fudhatamaan ittgaafatamaa ol'aanaa mana
hojiichaa fi qaama gabaasa oditii dhiyeesseef beeksisuuf itti gaafatama qaba.

9
8. Qajeelfama Raawwatiinsa Hin Qabne
Kanaan dura qajeelfamni itti-gaafatamummaa faaynaansii Lakk. 4/1997 bahee hojii irra
ture haqaamee qajeelfama kanaan bakka bu'eera.

9. Yeroo Qajeelfamichi Itti Ragga’u


Qajeelfamni Amajjii 18, bara 2004 irraa jalqabee kan ragga'e ta'a.

Siraaj Kadir
Hogganaa Biiroo Maallaqaa fi Misooma Dinagdee Oromiyaa

10

You might also like