You are on page 1of 120

Seerota farra Malaammaltummaa

(Leenjii Abbootii Alangaatiif Qophaa’e)

Leenjistoonni: Shaambal Hordofaa

Xaafaa Dachaasaa

Onkololessaa 2013
Kaayyoo Leenjichaa
 Maalummaa fi amaloota yakkoota malaammaltummaa
hubachiisuu
 Qajeeltoo waliigala yakka Malaammaltummaa
hubachiisuu
 Maalummaa fi qabiyyee tumaalee gooree yakkoota
malaammaltummaa irratti hubannoo qaban cimsuu
 Sirna qorannaa, himannaa fi falmii yakkoota
malaammaltummaa : Seera deemsaa fi Ragaa irratti
hubaannoo hirmaatoota gabbisuu
Qabiyyee Leenjichaa

 Maalummaa fi amaloota yakkoota


malaammaltummaa
 Qajeeltoo waliigala yakka Malaammaltummaa
 Maalummaa fi qabiyyee tumaalee gooree
yakkoota malaammaltummaa
 Sirna qorannaa, himannaa fi falmii yakkoota
malaammaltummaa : Seera deemsaa fi Ragaa
1. Maalummaa Malaammaltummaa
•Hiika hunda galeessaa fi akka addunyaatti nama hundi irratti
waliigalu hin qabu.
• Afaan laatiinii ‘’ Corrupptus’’ jechuun waan tortore ( spoiled )
jechuudha.
• the sort of decay that leads to destruction
• corrumpere (to ruin; to break into
pieces)
Hiika Guboo jechootaan kenname
• The Oxford and Merriam-Webster dictionary "[d]ishonest or
fraudulent conduct by those in power" and "dishonest or illegal
behaviour especially by powerful people“
•Black’s Law Imaanaa eeguu dhabuu , Amantaa hir’isuu,
Amanamuu dhabuu ,Matta’aadhaan, ammaalajummaadhaan, fi
loogiin haqaa ykn murtii dabsuu, jechuun kaa’a
Hiika dhaabbilee idil addunyaan kenname
•World Bank (1997) "use of public office for private gain“
• Hiikni kun Malaam. Seektara mootummaa, abbootii taayitaa, siiviil
sarvaantii ykn abbootii siyaasan raawwatamu irratti xiyyeeffata.
• Seektara dhuuunfaa hin hammatui jechuu miti. Sabiin isaa
Seek.mootummaa waliin hariiroo qabu waan ta’eef, Fkn. Hojii moot.
waliigalteedhaan hojechuuf waliigaluu danda’u
• Namootni seek, dhuunfaa keessa jiran namoota seek. Mot keessa jiran
malaamaltummaaan faaluu danda’u. Malaam. Qabeenyi dhuunfaa fi
aangoon ( public power) yeroo walirra bu’an uumama (Rose-Ackerman and
Palifka, 2016).
OECD
 "the abuse of a public or private office for personal gain"

Transparency International (TI)


 "the abuse of entrusted power for private gain".
• "private office" and ‘’entrusted power’’ Vs "public office" or
"public power",
• Hiikni kennamaa jiru bal’achaa jira. Gosoota yakkoota
malaammaltummaa Abbootii siyaasaa, biirokiratootaa ykn
aangoo mootuummaa/ummataa ( public power) tiin ala
raawwatamu hammatee jira
• Fakkeenyaaf, Investaroonnii fi boordiin daayrektoroota hojii
gaggeessaa kaampaaniitiif (company's Chief Executive Officer,
CEO) ykn Itti gaafatamaa Faayinaanstiif aangoo ni kennu.
Aangaa’an kun mattaa’aa yoo fudhate, fandiiwwan yoo qisaase,
fedhii foonii barbaade, walitti bu’iinsa fedhii irratti
hunda’uudhan murtoowwan miidhaa geesiisan yoo murteesse
malaam. ni uumama.
• Akka hiika TI ti "entrusted power" kan jedhu dhaabbilee
misooma mootummaa ( SOEs) fi dhabbilee dhuunfaa
akkasumas dhaabbilee amantaas ni dabalata.
• UNCAC jecha "public official" bal’isee hiikee jira.
• Nama hojii uummata hojjetu ( public function) kamiiyyuu ni
dabalata.
• Kanaaf dagahama qabaniin daldaluu ykn gaheewwan hojii
ykn aangoo gar-malee fayyadamuun namoota dhaabbilee
misooma mootummaa ykn kaampaniiwwan dhuunfaa keessa
hojjetanii fi taajaajila amala hojii mootummaa (public nature)
kenniin raawwatamuu ni danada’a.
• Hellman and Kaufmann (2001) defined state capture as "the
efforts of firms to shape the laws, policies, and regulations of the
state to their own advantage by providing illicit private gains to
public officials’’
• Powerful interests from the private sector can influence (or
bribe) officials and parliaments to write legislation, for
example, giving companies legal access to the exploitation of
natural resources.
Hiika hayyootaa Kenname…
•The institutionalist approach accordingly suggests that in the study
of corruption we should focus on the "bad barrel" (distorting
institutional practices and mechanisms) rather than concentrating
on the "bad apples" (individual misbehaviour).
Hiika Seeroota Kenname
 hin jiru

Konveenshinii Farra Malaammaltummaa Idil-addunyaa


 Gochoota yakkoota malaammaltummaa tiif hiikee jira.
• Mattaa’aa seektara mootummaa fi dhuunfaa keessatti
raawwatamu ( kwt 15, 16 fi 21)
• Hanna (Embezzlement) seektara mootummaa fi dhuunfaa
keessatti raawwatamu ( kwt 17 fi 22)
• Dhagahama qabaniin daldaluu ( kwt 18)
• Aangooti garmalee fayyadamuu ( kwt 19)
• Badhaadhina seeran alaa argachuu ( kwt 20)

• Maallaqa karaa seeraan ala ta’een argame seera qabeessa


fakkeessuun dhiyyessuu( kwt 23)

• Qabeenya malaa. Argame dhoksuu ykn qabachuun argamuu


Concealment (kwt 24)

• Hojii bulchiinsa haqa yakka malaammatumma gufachiisuu


(kwt 25)
Konveenshiniin Farra malaammaltummaa Gamtaa Afriikaa
kew.1
•“Corruption” means the acts and practices including related
offences prohibited in this convention jechuun hiika. Fakkeenyaaf,
•Matta’aa kennuu, fudhachuu,
•Qabeenya malaammaltummaan argame jijjiiruu, itti fayyadamu,
qabatanii argamuu,
•Qabeenya maddi isaa hin beekamne qabatanii argamuu fi
•Malaammaltummaa seektara dhuunfaa keessatti raawwatamu
akka hammatu keewwatawwan konveenichaa (kew.4,.6,8,10, fi 11)
irraa ni hubtama,
Hiika Labsii lakk. 882/2007
• ‘Corruption offenses’ means corruption offenses provided for
by the Corruption Crimes Pro. No. 881/2007 ”
• Yakkoota malaammaltummaa jechuun hiika labsii farra
malaammaltummaa lakk. 881/2007 tiin kennamee kan
qabuudha.
Labsii lakk. 881/2007

Kaayyoo labsichaa
 Kwt. Muraasa S/Yakkaa bara 1996 Hojiirra oolchuu
irratti ifa hinturre /kan hintaane/ ifa taasisuu fi
fooyyeessuuf
 Gochoota malaammaltummaa dhaabbileen dhuunfaa
qabeenya uummataa irraa ykn uummataaf jedhamee
walitti qabame bulchan raawwatan Sy keessatti waan hin
hammatamneef isaan hammachiisuuf;
 Bu’uura Konveenshiniin Farra Malaamaltummaa Mootummoota
Gamtoomanii fi Gamtaa Afriikaa matta’aa (bribery), qabeenya
uummataa fi mootummaa qisaasuu (embezzlement) fi gochoota
walfakkaataa dhaabbattoota dhuunfaan (private sectors)
keessatti raawwataman yakka malaammaltummaa taasiisuun
tumamuu akka qaban waan dirqisiisuuf;
 Yakka malaa. Ittisuufi too’achuuf
 Yakkoonni Mal dafanii amala of jijjiiruuf waan qabaniif SY
caalaa labsiin kophaatti tumuun filatamaa waan ta’eef;
Hiika jechoota rogummaa qaban
 Mana hojii Mootummaa( kwt 2/1)
 Dhaabbilee Misooma Mootumma ( kwt 2/3)
 Jaarmiyaalee Uummataa( kwt 2/4)
 Kaampaanii rogummaa qabu ( kwt 2/6)
 Hojjetaa mootummaa ( kwt 2/2)
 Hojjetaa Jaarmiyaalee uummataa( kwt 2/5)
 Qabeenya tajaajila uummaataa tiif walitti qabame ( kwt 2/7)
 Faayidaa (kwt 2/13)
 Faayidaa hin malle ( kwt 2/14)

.
Qabxiilee Maree 1ffaa
1. Heerri MNO lakk 46 /94 kwt 90 tiin manni maree
gandaa, manni maree bulchiinsa gandaa , manneen
murtii hawaasummaa qaamoota bulchiinsa gandaa
akka ta’an gurmaa’anii jiru. Aangoo fi hojiileen
qaamoolee kanneenis kwt itti aanaan jalatti
tarreeffamee jira. Kana malees. Aangoo fi hojiin Manni
Murtii Hawaasummaa Gandaa labsii Lakk 128/ 1999
murtaa’eera. Manneen hojii kunniin hiika labsiin
lakk.881/2007 kwt 2/1 jalatti mana hojii
mootummaatiif kenne jala ni hammatamu jettanii
yaadduu?
2.
Qabxiilee Maree 1ffaa …
2. Af-yaa’ii fi itti aanaa af-yaa’ii MMG, Dura taa’aa
bulchaa gandaa, itti aanaa bulchaa gandaa, abbootii seeraa
MMH, milishaan, manajari gandaa, hiika hojjetaa
mootummattif labsiin lakk.881/2007 kenne jalatti ni
hammatamuu jettanni yaadduu? Maaliif?
3. MMB gandaa qaama raawwachiiftuu garjalaatti (HMNO
46/94 kwt. 95/1) ; aangoo fi hojii keessa tokko nageenyii fi
tasgabbiin gandichaa akka eegamu gochuudha. (HMNO
46/94 kwt. 96/1/C). Gama biraatiin labsii qaamoolee
raawwachiiftuu hundeessuuf bahe labsii lakk. 2013/2011
kwt 25/18 Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa
qajeelfama mootummaan baasu irratti hunda’uun humna
milishaa akka filu, leenjisuu fi bobbaasuu; bakka humni
polisii hin jiretti milishaan qaama haqaatiif deeggarsa akka
taasiisu (25/20) aangeeffame jira. Bu’uura labsii 881/2007
tiin milishaan hojjetaa mootummaa jechuu ni dandeenyaa?
Qabxiilee Maree 1ffaa …
4, Dhaabbileen barnoota dhuunfi abbootiin qabeenyaa
dhuunfaa hiika labsii lakk. 881/2007 kenne jalatti
haguugamuu fi dhiisuu isaanii xiinxalaa!
5, Faayidaa maallaqaan hin shallagamne tarreessaa!
6, Garaagarummaa faayidaa maluu fi hin malle gidduu
jiru ibsaa!
 Hojjetaan Mootummaa /Public servant/ jechuun waajjira
mootummaa ykn dhaabbata misooma mootummaa keessatti
qacaramee, muudamee, ramadamee, ykn uummataan filamee
dhaabbataadhaan ykn yeroodhaaf nama hojjetu kamiyyuu haammata
kan jedhuudha. Kuni jijjiirama hinqabu.
 Miseensa bulchiinsa boordii hojichaas ni hammata kan jedhu
labsichi kwt. 2(2) dabaleera. Fooyya’iinsa SY Kwt. 402(1) irratti
taasifamee dha,
 Dhaabbata Misooma Mootummaa /Public enterprise/ -Waldaa
Aksiyoonii ykn dhaabbata Misooma Mootummaa guutuu guutuun
ykn gar-tokkee tiin abbummaan qabeenyaa isaa kan Mootummaa
Federaalaa ykn Nannoo ta’e = jijjiirama hinqabu.
 Hiiki faayidaa fi faayidaa hinmalle jedhu Seera Yakkaa bara 1996
irra tures bifa fooyya’een Labsii 881/2007 Yakka Malaammaltummaa
Labsuuf baheen keessatti tumameera. Kunis ni fooyya’e malee kan
dabalame miti.
 Jaarmiyaalee Uummataa Yakka Malaam. Hin gaafatame
 Tumalee Seeraa Yakkaa idileen gaafatamu
Qabxii marii

1) Hambifannoo kanneen qixa qajeeltoo walqixummaatiin xinxalaa


( Sy kwt 4)

2) Seektari dhuunfaa yakka malaammaltummaatiin yoom


gaafatama
Seektara dhuunfaa (private sector)
 Mirga qabeenya isaanitti fayyadamuu ykn namoonni biroo akka fayyadaman
gochuu qabu waan ta’eef itti gaafatamummaa qabu garmalee fayyadamuun
faayidaa hin malle argateera ykn nama biraatiif argamsiisee jira jechuun hin
gaafatamu.
Labsii 881/2007 ‘’ህዝባዊ ድርጅቶች’’
◦ 1ffaa, Hojii mootummaa ( public function ) itti gaafatamummaa fudhatanii
kan hojjetan yoo ta’ee ni gaafatamu Fkn, heyyama konkolachistumma
kennuu, gahuumsa konkolaataa; fayyaa namaa fi sadarkaa barnoota kan
mirkaneessan yoo ta’e;
◦ 2ffaa, Yakka Mal. Mana hojii Mot keessatti raawwatamu keessatti kan
hirmaatan yoo ta’e
◦ 3ffaa, Kaampaanii rogummaa qaban yoo ta’an;
◦ 4ffaa qabeenya uummataa kan bulchan yoo ta’an,
Qabxiilee marii
1) Kutaa yaada yakkoota maal labsii lakk 881/2007 kwt 3 bu’uura
godhachuun Ibsaa!
2) Kutaan yaadaa fi kaayyoon yakki maal raawwatamuuf
Akkamiitti mirkanaa’aa? Eenyu maal mirkaneessaa? (Kwt.3 fi
imaammata haqa yakkaa RDFI )
3) Dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa yakka malaammatummaan
gaafatamuu danda’an fi hin gaafatamne adda baasaa! ( SY kwt 34,
90/3; labsii lakk 881/2007 kwt.5, 25/6 fi 33; labsii lakk. 780/2005
kwt.33)
Qajeeltoo waliigala
 Kwt 4(1)(2) hojjetaaan mootummaa ykn jaarmiyaa
uummataa ykn namni yakka malaammaltummaa raawwate
kamiyyu adabbii yakkichaan tumameen ni adabama
Kwt .4(2) yakki malaammaltummaa

Kallattiin ykn al-kallattiin faayidaa hin malle ofii


argachuuf ykn nama birootiif argamsiisuu ykn mirga
ykn dantaa nama biroo irratti miidhaa geesiisuuf
yaaduun itti gaafatamummaa ykn gahee hojii itti
kennameen waan raawwachuu qabu raawwachuu
dhiisuuf ykn waan raawwachuu hin qabne
raawwachuuf jecha nama biraa irraa faayidaa
fudhachuu ykn gaafachuun raawwatamuu danda’a.
….YKN…
Qajeeltoo waliigala …
Kwt .4(2) yakki malaammaltummaa …
 Karaa kamiyyuu ofiif ykn nama biraatiif faayidaa
argamsiisuuf jecha aangoo kennameef ykn adaaraa
uummataa garmalee fayyadmuun raawwatamuu ni
danda’a.
…YKN…
 Faayidaa ofii argachuuf ykn nama birootiif argamsiisuu
ykn mirga ykn dantaa nama biroo irratti miidhaa
geesiisuuf yaaduun hojjetaa mootummaa tiif ykn hojjeta
jaarmiyaa uummataa tiif faayidaa hin malle kennuuf
waadaa seenuu, dhiyeessuu , kennuu ykn dhiyyeessuuf
waliigaluun raawwatamuu ni danda’a
…YKN…
Qajeeltoo waliigala …
… YKN…
 Hojii mana hojii mootummaa ykn dhaabilee misooma
mootummaa ykn jaarmiyaa uummataa sirnaan / seera
eegee raawwatameef ykn raawwatamuuf faayidaa hin
malle nama kamiifuu kennuun ykn hojjetaa mana hojii
mootummaa ykn jaarmiyyaa uummataa kamiiyyuu irraa
iyyuu fudhachuun raawwatamuu ni danda’a.
Faayidaa ykn Maallaqa ykn Qabeenya dhaaluu Kwt 4(3) (a)(b)
 Tumaan kun hojjetaa mootummaa ykn jaarmiyaa uummata
irratti raawwatiinsa qaba.
 Faayidaa ykn qabeenyi ykn maallaqni ykn bu’aan ykn dhalli
argame ykn yoo hin argamne immoo qabeenya bu’aa yakkaa
malaam hin taane fi qabaanya malaam agameen wal-gitu
dhaalamee akka deebi’u in taasifama.
 Faaidaan yakkicharra argame yoo hin jirre ; miidhaan qabeeyaa
mootummaa ykn dhaabbilee misooma mootuumma ykn
jaarmiyaa uummataa irra gahuu yoo mirkanaa’e miidhaa gahe
waliin kan waligitu dhaalamee akka kaffalamu ni taasifama
Faayidaa ykn Maallaqa ykn Qabeenya dhaaluu Kwt 4(4) fi 4(3)(a)(b)
 Nama kamiiyyuu yakkamaa kanatti hidhatee fayidaa hinmalle argate
ykn miidhaa qabeenya mootummaa ykn dhaabbilee misooma
uummataa ykn jaarmiyaa uummataa irraan qaqqabsiise irrattis ni
raawwatama.
Ka’umsa Malaammaltummaa
Akka uumamuu fi babbalatuuf sababoonni ka’umsa ta’uu kan
danda’an heddutu jira:
A. Ilaalcha /naamusa namootaa
 Ofitummaa,
 Qaxxaamuraan duroomuu barbaaduu
 Naamusa gaariin ala ta’uu
B. Sababoota Seerotaan Walqabatan
 Kaayyoo fi galama seera yakkaa dhugoomsuuf seeronni yakka
malaammaltummaa yakka taasiisanii fi adabbii madalawwaa tuman
jiraachuu qabu,
 Seerri guutuu ta’e yoo hin jiraanne malaammaltummaaf qaawwa
C. Sababoota itti-gaafatamummaan walqabatan
 Ittigaafatamummaan yoo jiraachuu baate: Namni hunduu waan
barbaade ta’a
 Waan barbaadan yoo godhan, yoo hingaafatamne, too’annaan yoo
hin jirre malaammaltummaan ni babal’ata…
Amaloonni addaa yakkoota malaammaltummaa maal fa’a?
 Yakki malaammaltummaa yakkoota idilee irra adda,
 Amaloota isaa beekuunis Yakki malaamaltummaa
 Ittisuuf, Saaxiluuf, Qorachuuf, Himachuuf, Adabuuf wantoota
gufuu ta’an hubachuun tooftaa /istraateejii/ addaa hordofuuf
gargara.
A) Tooftaan raawwii yakka malaammaltummaa adda
Yakki Idilee:
 Jibbiinsa irraan kan ka’e ykn
 Haloo irratti kan hundaa’e ykn
 Dagannoo irraa kan maddu waan ta’aniif yakkoota kana haala
salphaan saaxiluu, qorachuu fi adabsiisuun ni danda’ama
Yakki malaammaltummaa garuu
 Iccittidhaan,
 Of eegannoodhan,
 Waliigalteedhaan kan raawwatuu dha,
 Sababaa kanaan ragaa argachuun ni rakkisa,
 Shakkamaan ashaaraa qorannoof ka’umsa ta’uu danda’u
balleessuudhaaf humna qaba.
B) Namni malaammaltummaatti hirmaate hundi ija seeraatiin yakkamaa
ta’u isaati
Namoota tokkoo oli haammata,
Hojjetaa irraa fi gadee jiran gidduutti,
Qorataa fi qoratamaa gidduutti,
Himataa fi himatamaa gidduutti,
Murtii kennaa fi murtii fudhataa gidduutti,
 Walitti hidhamiinsaan kan uumamuu dha,
Namni malaammaltummaatti hirmaate hundi ija seeraatiin yakkamaa
ta’u isaati …
Ija seeraatiin lamaan isaanii yakkamaa waan ta’aniif, fayyadamtootas
waan ta’aniif iccitii hin baasan,
Kanaaf saaxiluu, qorachuu fi warra badii raawwatan adabsiisuuf ni
ulfaata,
Gareen lamaanu fayyadamoo seeraan alaa waan ta’aniif
C) Kallattiidhaan Miidhamaan Jiraachuu Dhabuu
 Akka yakkoota idilee miidhaa fi miidhamaan kallattiin hinjiru,
 Hirmaattonni lameenuu gocha yakkaatiin fayyadamoo ta’uudhaan
namni iyyatu dhibamuu
 Bu’aa kan argate ykn kan itti quufe dhoksuu itti fufa malee hin
saaxilu
D) Namoota raawwiin yakkichaa akka hin beekamne gochuu
danda’aniin raawwatamuu isaati
 Tooftaan qindaa’ee,
 Namoota aangoo ykn humna mallaqaa qabaniin waan ta’eef ragaa
balleessu,
 Sodaachiisu, Mallaqaan sossobu,
 Mallaquma malaammaltummaa irraa argataniin akka hin himatamne,
hinadabamne abukaatoo beekamoo qaxarachuun M/M irratti dhiibbaa
uumuun falmiin ol’aantummaa argachuun, bilisa baasuu danda’u.

E) Dhimmichaaf Abbaan Jiraachuu Dhabuu


 Miidhaan kallattiin nama dhuunfaa ykn garee tokko irraa gahu
jirachuu dhabuu danda’a,
 Biyyaa fi uummata irratti miidhaan ga’u ol’aanaa dha,
 Sababa kanaaf utuu arguu seeraaf eeruu kennuu dhabuun,
F) Hawaasa biratti akka qaaniitti ilaalamuu dhabuu
 “Yeroo mudamee kan hin nyaatiin gaafa gad lakkise gaabba” -
mammaakama.
 Jechamni kun malaammaltoota ni jajjabeessa,
 Nama saaxiluu yaale ni balleessu,
 Namni malaammaltummaa deggaru ni faarfama,
 Fkn Ajjechaa, hanna, saamicha, Dirqisisan gudeeduu hawaasnis
mootummaas ni balaaleefata.
 Namoota malaammaltummaa raawwatan mootummaan gaafa bakka
kennuuf argama,
G. Daangaa kan Ce’u ta’uu
 Gaafa qabeenyi guddachaa deemu biyya isaa irra darbee daangaa
biyyoota biroo seenuuf humna uuma,
 Uumama yakkoota akka shororkeessummaatiif gumaacha guddaa
qaba,
 Daangaa yommuu ce’e dhaabbilee idila addunyaa ykn namoota
dhuunfaa waliin walitti hidhamiinsa uumuun seera golga godhachuun
raawwatamu waan danda’uuf raawwii yakkicha wal-xaxaa taasisa,
H) Dhaabbata Firaa ykn Hiriyaa akka dawootti Fayyadamuu
 Malaammaltummaadhaan gaafa qabeenya ol’aanaa ta’e horatan
jireenya ykn galii isaanii irratti jijjiramni tokko illee irratti
mul’achuu dhiisuu danda’a,
 Maqaa maatii ykn hiriyaa isaaniin hojii daldalaa hojjechuu,
 Maallaqa malaammaltummaan argatan Akkaawuntii maatii ykn
hiriyoota isaanitti dhoksaan kuusuun itti fayyadamuu danda’u,
 Sababa kanaaf yakkicha saaxiluu fi balleessitoota adabuun ni
ulfaata,
2. Tumaalee Gooree Yakkoota Malaammaltummaa

2.1 Matta’aa ykn faayidaa hin mallee fudhachuu

 Matta’aa fudhachuu ( kwt 10)

 Faayidaa hin mallee fudhachuu (kwt 11)

 Mattaa’aa ykn faayidaa hin malle kennuu ( kwt 25)

 Matta’aa daddabarsuu ( faciliatating act of bribary kwt 27)

 Aangoon ykn itti gaafatamummaatiin daldaluu ( kwt 16)

 Aangoo hin qabneen fayyadamuu ( kwt 28)

 Yakka malaammaltummaa Jaarsoolii araaratiin fi namoota birootiin


raawwatamu ( kwt 12)

 Sababa malee dhimma lafarra harkisuu/tursiisuu ( kwt 18)


2. Tumaalee Gooree Yakkoota Malaammaltummaa

2.2. Aangooti (itti gaafatamummaatti ) garmalee fayyadamuu fi


Walitti bu’iinsa faayidaa dhuunfaa
 Aangooti (itti gaafatamummaatti ) garmalee fayyadamuu , (
abuse of power or responsibility kwt 9)
 Hayyama haala hin taaneen kennuu ykn mirkanneessuu

( kwt 20)
 Haal mijawaa hin taaneen hojii mootummaa ykn Jaarmiyaa
uummataa gaggeessuu ( kwt 13)
2. Tumaalee Gooree Yakkoota Malaammaltummaa …
2.3 Amantaa Hir’isuu, Sanada Sobaa Qopheessuu/fayyadamuu fi
Gowwoomsuu
 Amantaa Hir’isuu cimaa ( aggravated breach of trust , kwt
31)
 Gocha fudhachuu fi miliqsuu hojii irratti raawwatamu ( kwt
15)
 Meeshaa imaanaan namatti kenname irratti haala hin
taaneen ajajuu ( kwt 14)
 Sandoota sobaa qopheessuu ykn gara sobaattii jijjiiruu; itti
gargaaramuu ( kwt 23)
 Karaa seera ala ta’een galii Sassaabuu ykn meeshaa/mi’a
deebisuu ykn kaffaltii kaffaluu ( kwt . 17)
 Gowwomsuu Cimaa ( (kwt 32)
.
2. Tumaalee Gooree Yakkoota Malaammaltummaa

2.4. Qabeenya gatii baasu kaffaltii malee ykn kaffaltii madalawaa malee
fudhachuu

( kwt 19)

 Fudhachuu (kwt 19)

 Kennaa kennuu (Kwt 26)

2.5. Qabeenya ykn Maallaqa maddi isaa hinbeekamne qabatanii argamuu

( kwt 21)

2.6 . Qabeenya ykn Maallaqa gocha yakkaan argame seera qabeessa


fakkeessanii dhiyyeessuu fi gargarsa gochuu ( kwt 33)
2. Tumaalee Gooree Yakkoota Malaammaltummaa

Gaaffilee Marii

1) Garaagarummaa mattaa’aa fudhachuu fi faayidaa hin mallee fudhchuu


gidduu jiru ibsaa!

2) Garaagarummaa aangoo gar-malee fayyadamuu fi hojii mootummaa ykn


Jaarmiyaa Uummataa akkaataa hin taaneen gaggeessuu ibsaa!

3) Haariiroo yakka malaammaltummaaa fi qabeenya karaa seera ala argame


seera qabeessa fakkeessanii dhiyeessuu jidduu jiru fakkeenyaan
deeggaraan irratti mari’adhaa!
Matta’aa fudhachuu ( kwt 10)
 Hojjeetaan mootummaa ykn hojjetaan jaarmiyaa uummataa
yakka matta’aa fudhachuutiin kan gaafataman haalonni
guutamuu qaban
1. Itti gaafatamummaa ykn dirqama hojii itti kennameen gocha
raawwatamuu hin qabne raawwachuun ykn gocha raawwatamuu
qabu hambisuun kallattiidhaan ykn al-kallattiidhaan faayidaan
ofii isaatiif ykn nama biraatiif akka kennamu gaafachuu,
fudhachuu ykn waadaa fudhaachuun isaanii yoo mirkaana’ee ykn
2.Gocha raawwatamuu hin qabne raawwatee faayidaa fudhachuu baatus
faayidaa gaafachuun isaa yoo mirkanna’ee ykn
3.Faayidaa fudhachuun ykn gaafachuun mirkanna’ee garuu gochi haala
hin malleen raawwatame yoo hin jiraanne, faayidaa kan fudhate
wanta raawwachuun irraa hin eeggamne raawwachuun isaa
ragaadhaan mirkaneessuun yoo danda’ame yakka matta’aa
Ofii isaaf ykn nama biraafis fayidaa argamsiisuu, gocha raawwatamu
qabu raawwachuu dhabuun ykn gocha raawwatamu hin qabne
raawwachuun bifa garagaraatiin raawwatamuu danda’a.
Fakkeenyaaf,
Meeshaalee kontroobaandii biyyaa keessaa akka hin seene
dhorkame biyya keessa galchuu, Gibiraa kaffalaan gibira
kaffaluu qabu gad buusuun tilmaamu, kkf. Gochoonni kuni
yommuu raawwatu namoota karaa seera alaa ta’een fayyadaman
faayidaa ni argata. Faayidaa hin malle kanatu matta’aa jedhama.
Dhimma 1ffaa
 Dhimma tokko irratti Abbaa seeraa dhimma hariiroo irratti
abbaa dhimma matta’aa akka kennuuf gaafachuun mattaa’aa
yeroo fudhatu harkaa fi harkatti qabame himatamee adabame
jira. Qarshiin akka ciraatti qabame miidhamaaf akka deebi’u
MM ajajaeera ( A/A.KNFMO Vs Silashii Gizaaw (A/seera
M/M/O/G/ Harargee Bahaa).
Dhimmaa 2ffaa
Himatamaan tokko Waajjira Galiiwwanii Magaalaati Adaamaatti
gargaraa Oditaraa ta’ee osoo hojjetu gaaffii kaffalaan gibiraa gibira
gabbaruuf dhiheesse bu’uura godhachuun ooditti akka taasiisu
ajajamee gibira qarshii 275,000 kaffalaa gibira irrati herregame
qarshii 20,000 tti gad buusuuf waliigalee gara qrshii 15,390 tti gad
buusuun hojjetee qarshii 37,950 yommuu fudhatu harkaa fi harkaatti
waan qabameef yakka maala. Mattaa’a fudhachuu raawwataeen
adabamee jira. (galmee A.A 6/0023/2003 ; M/M/O/Go/ Adda
Adaamaa)
 Yakki matta’aa yommuu rawwatamuu harkaa fi harkaatti yoo qabame
malee mirkaneessuun baayyee rakkisaa dha.
 Hojimaanni sadarkaa Fedeeraalaa fi Naannootti jiru akka agarsiisuutti
qaamni yakkicha qorachuuf aangoon kennameef eeruun yommuu
qaqabu eeruu fudhachuun maallaqa gaafatame erga galmeeffatee
booda qaama matta’aa gaafateef akka kennamu gochuun yommuu
inni fudhatu harkaa fi harkaatti qabuun akkasumas ragaalee biroo
waliin qindeessuun seeraaf dhiheessuun murtii kennisiisa jira.
 Manneen Murtiis ragaa haala kanaan argamee fi ragaalee biroo waliin
ilaaluun murtii kennaa jiru. Dhimmoota murtii argatani akka
fakkeenyaatti armaan gaditti dhihaatan irraa ni hubatama.
Dhimma 3ffaa
Dhimma A/A. KNFMF Vs ………(A/S MMOF tokko) gidduutti
ilaalameedha.
A/Alangaa KNFMF himatamaan kun Qr.7000 (kuma torba) Abbaa
dhimmaa irraa yommuu fudhatu harkaa fi harkatti hojjetoota
Koomishiniitin qabameera jechuun matta’aa fudhachuun
himatameera. MMOF LG.44612 irratti ragaa namaa fi barruu
(Sanadni Teelee Komunikeeshiinii) irraa ergame Onk. 1 hanga
Amajjii 18 bara 1998 ti himatamaan Moobaayilii fi Bilbila manaatiin
yeroo 14 gara miidhamaa dhuunfaatti bilbiluuu isaa fi
miidhamaan yeroo 45 gara himatamaatti bilbiluu isaa agarsiisuu;
hasoofni himatamaa fi miidhamaa jidduutti taasifame garagalchi isaa
siidiidhan waraabamee; himatamaan qarshii fudhatee deemaa osoo
jiruu hojjetoota koomishiniichaan yommuu qabamu footoon kaafame
dhiyaateera,
M/Murtiis ragaa namaa fi ragaalee olitti ibsaman erga madaalee booda
himatamaa yakka maal, mattaa’aa fudhachuu jalatti murtii
balleessummaa dabarsuun hidhaa cimaa waggaa 8 fi Qar. 2000 akka
adabamu murtessee jira.
Faayidaa hin mallee fudhachuu (kwt 11)
 hojjetaa moot ykn jaarmiyaa uummataan irratti raawwatiinsa qaba.

 Hojjetaan mootummaa ykn jaarmiyaa uummataa seeraa fi qajeelfama


osoo hin cabsiin hojii hojjetamuu qabu hojjetee hojii hojjeteef
faayidaa yoo fudhate akkami ta’a?
 Tajaajilamaan tajaajila kennameefitti gammadee kennaa yoo kenneef
tarkaanfii akkamiitu fudhatama?
 Gaaffii duraaf Labsiin 881/2007 keewwati 11 tiin wanti mirkaneessuu
qabnu
(1) Hojii hojjetamuu qabu hojjetee faayidaa fudhachuu ykn gaafachuu
ykn waadaa galchisiifachuu, ykn

(2) Hojii hojjetamuu qabu osoo hin hojjetiin dura faayidaa fudhachuu
ykn gaafachuu ykn waadaa galchisiifachuu isaa mirkaneeffachuu
qabna.
Fakkeenyaaf
Galmee A/A KNFMF lakk.1/5142/2000 irraa akka hubatamutti
namni dhuunfaa tokko Waldaa Aksiyoonaa Liqii fi Qusannaa Addisi
jedhamu irraa qarshii liqeeffachuuf ulaagaa barbaachisu guutee liqii
yommuu gaafatu hojjeetaan waldichaa qr 10,000 liqeessuuf qr 1,000
akka kennuuf gaafatee waliigalanii qr.400 kenneefii qr.600 kennuun
dura liqeeffataan itti gaafatamtoota waldichaatiif beeksifnaan
hojjetichi qr.600 yommuu fudhatu harkaaf harkaatti waan qabameef
kew 409(1) kan S/Y caqasuun yakka malaamaltummaa faayidaa hin
malle fudhachuutiin hojjeeticha irraatti himannaa hundeesseera.
MMOF (70222/2002)
 Kunii fi tajaajilamaan hojjeticha biraa taajajilli barbaadu
jiraachuun yoo beekame ykn tajaajila argachuun isaa yoo
beekame gochi yakkichaa akka raawwatameeti ilaalama,
 Himatamtoonni faayidaa kenname sababa amansiisaadhaan yoo
mirkaanneessuu baatan kutaan yaadaa akka mirkaanna’eti kan
ilaalamu ta’a jechuu dha,
Aangoo ykn itti gaafatamummaatiin daldaluu (Traffic in
Official Power or Responsibility, kwt 16)
 Kaayyoon kwt. 16 - hojjetaa mootummaa ykn hojjetaa jaarmiyaa
uummataa ta’ee aangoo ykn itti gaafatamummaa qabuun nama
daldale adabuuf kan tumameedha,
 Hojjetaan mootummaa ykn hojjetaan jaarmiyaa uummataa
tokko dhimma tokko irratti ofiif kan murteessu ta’u baatus
aangoo dahoo godhachuudhaan faayidaa isaaf hin malle
argachuuf itti fayyadamu ni danda’a,
 Bu’uura keewwata kanaan qabxiileen mirkanneessuun
barbaachiisaa ta’an hojjetaan mootummaa ykn hojjetaan
dhaabbata uummataa :
 1ffaan Dhagahama kan qabu ta’uu isaa ykn namni kennaa
kenneef sun yoo xiqqaate hojjetichi dhagahama qaba jedhee
amanuu isaa,
 2ffaan Faayidaa nan argamsiisa jedhee kennaa fudhachuu ykn
gaafachuu isaa mirkaaneessuun barbaachisaadha.
Dhagahama dhuunfaatiin daldaluun ( traffic in private influence)
Labsichi kwt. 29(3)
 nama yakka kanaan fayyadamuuf yaadee fayidaa kenne ykn
kennuuf waadaa gales dabalataan adabuuf kan tumameedha
 Kunis aangoodhaan daldaluu waliin kan wal faakkatu yoo ta’u ,
adda addumman isaanii, kan duraa himatamaan hojjetaa
mootummaa yoo ta’u, kan lamataa ammoo hojjetaa
Aangoo Hin Qabnetti Fayyadamuu (Use of pretended authority
kwt, 28)
Yakka kana hundeessuuf himatamaan:
1ffaan Hojii mootummaa ykn hojii jaarmiyaa uummataa irraa
ari’ame, aangoo dhiisee fi kkf osoo jiruu hojii irra akka jiru
fakkeessuu isaa ykn
2ffaan Gara fuula duraatti hojjetaa mootummaa ykn hojjetaa
jaarmiyaa uummataan ta’a jedhee amanuun ykn hojjetaa
mootummaa fakkaatee dhiyaachuun faayidaa gaafachuu ykn

fudhachuu isaa mirkaaneessuun barbaachisa dha,


Yakka malaammaltummaa matta’aa fudhachuu jaarsolii
araaraan ykn namoota biroon raawwatamu (corruption
committed by Arbitrators or other persons kwt 12)
 Kunis S/Y kwt. 410 mata dureen isaa gargaagarummaa hinqabu.

“Any conciliator, arbitrator, juror, trustee or liquidator,


translator or interpreter engaged by the public authorities in
their technical capacity, or expert testifying before or giving his
opinion to judicial or quasi-judicial proceedings…” kan jedhuu
turee,
 Labsichi Kwt. 12(1) … or auditor or auditing Incomes and
expenditures or an engineer who verifies the construction
according to the agreement… itti dabaleera,
Garaagarummaan 12(1) fi 12(2)
Kwt. 12(1) ‘Seerri waan dhorke hojjechuun ykn waan hojjedhu
jedhe ammoo hojjechuu dhiisuu’ yoo raawwateedha (Either by
committing or by omitting of an act) . kunis seera jallisuudhaan yoo
hojjeteedha,
 kwt 12(2) seerri osoo hin cabsiin/ akkaataa seeratii hojii jeteef
ykn hojjetuuf hojiin dura ykn erga hojjetee booda faayidaa
gaafachuu ykn fudhachuu ilaalata.
 Akkuma beekamu hojiin qaamoleen biroo fi jaarsoliin araaraa
raawwatan mirga nama tokkoo akka malee miidhuu fi kaan
ammoo fayyaduuf akka hinsaaxilamneef labsichi kwt. 12 kan
tumameedha,
 Hojiin ga’ee mootummaa /dhaabbata uummataa ba’u bakka
bu’uudhaan amantaan/ Imaanaan irratti gatamee kan
hojjetaniidha
 Waan ta’eef yakki qaamoolee kanaan raawwatamu yakka hojii
mootummaa irratti raawwatamu waan ta’uuf yakka
malaammaltummaa keessaati akka hammatamu ta’e jechuu dha,
Muuxannoo Biyya Hindii
Biyyi Hindii seera farra malaammaltummaa “Prevention Of
Corruption Act 1988 Act, hiika hojjetaa mootummaa “public
servant” jedhu bal’isuun namoota hojii araaraa fi namoota biroo
akka haammatu godhan :
“Any person authorized by a court of justice to perform any duty
in connection with the justice administration of would be a public
servant,
eg. Liquidator, a receiver or commissioner appointed by the court.
If a Court or a Competent public authority refers any cause or
matters for decision or report to any arbitrator other person that
arbitrator would be a public servant” jedha.
Dhimmoota sababa malee lafa irra harkisuu ( undue delay of
matters, Kwt. 18)

Hojjetaa gocha kana raawwate kan itti gaafatamu akka armaan


gadiitti tumeera :

1ffaan -Itti gaafatamummaa isaa irraa kan ka’e dhimma isaaf


dhihaate murteessuu dhiisuu ykn tursiisuu isaa;

2ffaa - Dhimmicha murteessuu dhabuun ykn tursiisuun isaa seera


ykn dambii hojii ykn qajeelfama ykn hojimaata barameen ala
ta’uun,
3ffaa- Kana gochuu isaaf sababa gahaa kan hin qabne ykn hin
dhiyeesine yoo ta’e itti gaafatama,
Fakkeenyaaf,
 Hayyama hojii tokko kennuuf yeroon ni fudhata jedhame
daangeefamee taa’ee yoo jiraate, haa ta’u malee, hayyamni yeroo
kaa’ame keessati hin raawwatamne, hojjetaan mootummaa ykn
hojjetaan jaarmiyaa uummataa dhimmicha murteessuuf
aangoon kennameef hayyamichi yeroo kaa’ame keessatti kennuu
dhabuun isaa sababa gahaa dhiheessuu yoo baate itti gafatamu
danda’a.
Yakkoota Malaammaltummaa
Aangoo ykn Itti gaafatamummaatti Seeraan alaa
Faayyadamuu, ykn Walitti Bu’iinsa Faayidaa Dhuunfaa
Waliin Walqabatan
Aangootti garmalee fayyadamuu (Abuse of power or
Responsibility kwt 9)
 Yakki kun hojjeetaa mootuummaa ykn jaarmiyaa uummataan
raawwatamuu danda’a
 Kutaan yaadaa yakka kanaa faayidaa hin malle argachuu ykn
nama biraatiif argamsiisuu ykn mirga ykn faayidaa nama biraa
irratti miidhaan akka gahuuf yaaduun raawwatama
 Yeroo tokko tokko faayidaa hinmalle argachuu isa jedhu
mirkaneessun rakkisuu danda’a,
 ‘Faayidaa hinmalle’ argachuun mirkana’uu baatus gocha hin
malle raawwachuu isaa beekuun ni danda’ama,
Yakki aangoo ykn Itti gaafatamummaatti karaa hinmalleen
gargaaramuu bifa 3’n raawwatamu danda’a :

1) Muudama ykn aangoo ykn itti gaafatamummaa kennameefiin


wanta raawwachuu qabu raawwachuu dhiisuun ykn kan seerri
dhorku immoo raawwachuuf gar-malee itti fayyadamuun
raawwatamuu ni danda’a (Misuses his official position or the
power proper to his office, whether by a positive act or by a
culpable omission kwt. 9(1,a) fkn taaksii sassabamuu qabuu
sassabuu dhiisuu, heeyyama ulaagaa seerri kaa’uu hin guunne
haquu osoo qabuu haquu dhiisuu

kunis guuteera jechuudhaaf :


A) Qajeelfamoonni ykn sirnoonni hojii ifatti addan bahanii
tarreeffamanii ka’amu qabu.
 Muudama ykn aangoo ykn itti-gaafatamummaatti seeraan ala
fayyadamuu haala salphaa ta’een mirkaneessuuf sirnoonni
hojimaataa ifatti addan baafamanii taa’uun tooftaa tokko dha,

B) Kaayyoo fi galma seeraan ka’ameen ala aangootti ykn itti/gaf


gar-malee kan fayyadame yoo ta’e,
 Muudama ykn aangoo ykn Itti-gaafatamummaa kaayyoo fi
galma kaa’ameef ala fayyadamuu mirkaneessuun yoo danda’ame
yakka aangoo/Itti gaafatamummaa gar malee fayyadamuu
raawwatameera jechuun ni danda’ama jechuudha,
2) Aangoo ykn Itti-gaafatamummaa ifatti kennamee darbuu
hojjechuun raawwatamuu ni danda’a (exceeds the power with
which he is officially (9(1B) . Fknf, Hayyama hojii
mirkanneessuuf aangoo ykn Itti gaafatamummaa osoo hin
qabaanne mirkaneesse yoo kenne aangoo kennameen ala
hojjeteera jechuun ni danda’ama,
3) Osoo aangoo ykn Itti/gaaf hin qabaannee ykn hojiirra erga
dhorkamee, jijjiirame, bu’ee ykn aangoo ykn itti/gaaf erga
dhiisee booda dhimma/hojii aangoon ykn itti/gaaf hin
heyyamneef hojjechuu ( perform official act) raawwatamuu ni
danda’a ( kwt 9/1/C).
Namoota bu’aa yakkichaa irraa fayyadamaa ta’an??
 fkn abbaan aangoo seeraa fi qajeelfama faayinsii cabsuun namni
biraa meeshaa ykn taajaajilaa akka dhiyyeessuu osoo taasissee
dhiyyeessn faayidaa hin malle osoo argatee gaafatamuu ni
danda’a?
Namoonni raawwii gocha yakkaa keessatti kallattiidhaan
hirmaachuu baatanis haalli gocha yakkaatiin itti gaafataman kan
jiru ta’uu seera yakkaa kew.32 (1)(B) irraa ni hubatama,
Kana jechuun gocha yakkichaa ofii isaaf raawwachu baatus yaada
dhiheessuu, karoorsuu fi qajeelchuudhaan bu’aa yakkichaa irratti
guutummaan guutuutti hirmaachuu mirkaanneessuun yoo
danda’ame akka raawwataa muummeetti gaafatamu ni danda’a,
 Hojjeetaa mootummaa ykn jaarmiyaa uummataa ta’uu baatus
raawwii yakkaa irratti guutuummaan guutuutti hirmaachuu isaa
ragaan mirkaaneessu yoo dhihaate itti gaafatama jechuudha,
 Fknf, Namni kaffaltii isarraa barbaadamu kaffaluuf jedhu
tokko, hojjetaan mootummaa ykn jaarmiyaa uummataa gibira
hir’iseef akka murteessuuf sanadoota sobaa dhiheesuuf
waliigaluu isaa ragaan mirkaneessuu yoo dhihaate kaffalaan
gibira himatamaa muummee jedhamee ni himatama jechuudha;
 hojjetaa jaarmiyaa uummataa balleessaa bulchiinsaa HN
keessatti raawwatuun walqabatee aangootti garmalee
faayyadamuun haala itti gaafatamu labsiin 881/2007 kwt. 9(4)
haala addaatiin tumee jira.
 Kunis : ‘Kwt. 9(1)(2) yoo jiraatan iyyuu, gochi hojjetaan
jaarmiyaa uummataa, bulchiinsa humna namaan walqabatu
raawwatu haaloti mattaa’aa kennuu fi fudhachuu jiraachuu yoo
mirkannaa’e malee yakka malaammaltummaan hinhimatamu’
kan jedhuudha
Seeran ala Eeyyama kennuu ykn Raggaasisuu (Granting or
approving license improperly kwt , 20 )
 S/Y ‘…hayyama daldalaa yookiin hojii kan kenne yookiin kan
raggaasise yoo ta’e yookiin iddoo waanti tokko itti raawwatamu
seeraan ala kan hayyame yookiin kan kenne yoo ta’e…’ kan
jedhu qofa ture.
 Labsiin kunis kwt. 20(2) fi (3) haaraa itti dabaleera,
 Kwt 20(2) nama heeyyama ykn waa mirkanneessuuf itti
gaafatamummaa qabuun gochaa raawwatamu yakka taasiisa.
Hima biraatiin, tumaan kun nama hojii uummaata ( poublic
function ) akka hojetuuf itti/gaaf itti kennemeen yakka
raawwatamu tuma
 Innis Aangoo ragaa gahumsaa ykn heeyyamaa kennuu nama qabu
tahee itti yaadee nama gahumsa hinqabne ( an eligible person) ykn
nama kennamuufii hinqabneef ( person not legally entitled to obtain)
heeyyama konkolaachisummaa, ragaa tekinikaa gahumsaa,
mirkanneessa fayyummaa, ragaa sadarkaa/gahumsa barnootaa kan
kenne ykn mirkanneesse (20/2)
 Kwt.20(1) dhimmoota daldalaa ilaalchisee ‘business license’ kennuu
kan ilaallatu yoo tahu, hojjetaa mootummaan raawwatama
 Kwt 20(2) ammoo gahumsa ogummaa waliin kan walqabatuu
akkanatti qoodeera. Nama itti gaafatamuumma hojii kana hojjechuu
itti kenname kamiiniyyuu raawwatama
 Kwt 20(3) gochi kwt 20(1) fi 20(2) kuni dagannoodhaan kan
raawwatame yoo ta’e hidhaa salphaa fi adabbii maallaqaa akka
hordosiisu kan agarsiisuu dha. Gochi kuni duraan ‘dagannoo’ kan
haammate hinturre
Haala Mijaawaa Hin Taaneen Hojii Mootummaa ykn
Jaarmiyaa uummataa Gaggeessuu
 Labsichi Kwt. 13, S/Y kwt. 411 fooyyesse jira.
 Kwt. 411 . Maladministration
 Labsichi kwt.13 -Maladministration of Government or public
enterprise work jechuun fooyyesse jira.
 S/Y Kwt. 411(1) ‘Any public servant…’ isa jedhu Labsichi kwt.
13(1) ammoo ‘…or employee of a public organization…’ jedhu
dabale.
 Adabbiis fooyyesseera.
Haala hin taaneen hojii gaggeessuu …
Kwt. 411(4,b)’n has purchased certain property or taken part in
an auction, while prohibited by law or regulations…jedhu; Labsichi
kwt. 13(4,b)’n ammoo ‘…prohibited by law or regulations or
directives….’ jedhu dabaleera.
S/Y Kwt. 411(1-4) tti qofa kan qabu ture, Kwt 13(4)(a)(b) walitti
bu’iinsa faayidaa hambisuuf waan tumame fakkaata.
Labsiin 881/2007 irratti ammoo kwt. 13(1-9) tti kan fooyya’eedha.
Kwt. 13(5-9) tti kan jiran ni dabalaman jechuu dha.
Haala hin taaneen hojii gaggeessuu …
 Kwt 13 (1)(a)(b)(c)
 faayidaa hin mallee argachuu ykn argamsiisuuf yaaduun aangoo ykn
itti gaafatamummaa fayyadamuun raawwatama. Karaa sadiin
raawwatama
 A) Daldalaan, hojii biraatiin, bittaan ykn gurguurtaan ykn hojii
hojjetamuun walqabatee hariiroo hojii kamiiniyyuu faayidaa kamiyyuu
fudhachuu ykn waliigaltee faayidaa irraa argatu irratti waliigaluu ykn
tooftaa biraa uumuu;
B) gatii abbaa taayitaa ykn itti gaaf. Dhimmi isaa ilaallatuun murtaa’ee
olitti waliigaltee meeshaa dhiyyeessuu, waliigaltee hojii addaan kutuu
ykn waliigaltee hojii kamiyyuu seenuu/waliigaluu ykn meeshaalee ykn
tajaajiloota waliigaltee keessatti hin ibsamne fudhachuu,
C) Bu’uura aangoo hojii ykn itti gaafatamummaa qabuun mana
hojii mootummaa ykn dhaabbilee misooma mootummaa ykn
jaarmiyaa uummataa imaanaan itti kenname ykn miidhaa irra
eeguu qabu irratti gocha faayidaa isaa tuqu tooftaa
kamiiyyuu raawwachuu

Kanneen dabalaman kuni yaada haaraa dha moo maal


yaadee ti??
 Kwt. 13(5) yaada haaraa dabale utuu hintaane, S/Y kwt.
411(4,b), bo’oo 2ffaa irra isa jiru ‘relative means’ jedhu qofatti
baasee (5) kan godheedha (yaadaa haaraa miti jechuu
dandeenya),
 Kwt. 13(6) ‘ hojii gaggeessan ykn hojjetaan mootummaa ykn
jaarmiyaa uummataa sadarkaa kamiyyuu irratti argamu ta’e
jedhee nama beekuun irra hinjiraanneef koodii ykn iccitii
deemsa hojichaa akka beeku kan taasise ykn qulfii namni tokko
qofti qabachuu qabu nama dhimmi isaa hin ilaallannetti
laachuudhaan qabeenyi mootummaa ykn dhaabbata uummataa
akka qisaasamu (embezzlement), fudhatamu/hatamu, ykn badu
(loss) kan taasiisee yoo ta’e tumaa kanaan ni gaafatama.
 Kwt. 13(7) Kwt. 13(6) ‘ dagannoon’ yoo raawwatame adabbii
hordofsiisu kaa’a.
 Kwt. 13(8) – kwt. 6 koodiin/qulfiin heeyyama ykn beekumsa
isaan ala fudhatamuu yoo mirkanneesse malee akka beekaa
qulficha kennetti ykn odeeffannoo /iccitii/ ifa taasisetti
lakkaa’ama kan jedhuudha. (Presumption)
 Kwt. 13(9) koodii ykn qulfii akka itti fayyadamu ykn qabu itti
gaafatummaa dhimmi isaa ilaallatuun osoo hin heeyyamane ykn
hin kennamneef fudhachuun qabeenya mootummaa ykn
jaarmiyaa uummataa qisaasuu, fudhachuu, ykn balleessuu ykn
akka qisaasamu ykn fudhatamu ykn badu taasiisuu ilaallata.
Kunis hojjeetaa mootummaa ykn jaarmiyaa uummataan
raawwatama.
Gaaffii Marii

1.Kwt. 13 namoota hojjetaa mootummaa hintaane irratti


akkamiin raawwachiisuu dandeenya?
Hojjetaan mootummaa ykn hojjetaan jaarmiyaa uummataa
faayidaa hojjetaa ta’uun argatuun ala dhuunfaan ykn
namoota biroo waliin dhaabbata hundeessan irraa faayidaa
waliinii qabaachuu danda’u,
Kwt. 13 kan keewwatoota biroo irraa wanti adda isa taasiisu,
gocha faayidaa mootummaa ykn uummataa miidhuu irratti
xiyyeeffachuu isaati,
Kwt.17-Illegal collection or disbursement, (Seeraan Ala
Walitti Qabuu ykn Hir’isanii dabarsuu) kan jedhu, S/Y
kwt. 415 irra akkuma jirutti kan fudhateedha.
Kwt. 19 -Wantoota gatii qaban kaffaltii malee ykn kaffaltii gahaa
malee/walhingitne/ fudhachuu (Taking things of value without or with
inadequate consideration).
 S/Y kwt. 417 akkuma jiruun kan fudhatameedha.
Garaa garummaan jiru labsiin haaraa daangaa raawwii yakkichaa
hojjetaa mootummaa fi jaarmiyaa Uummataa irratti akka raawwatu
taasisu fi kaffaltiin adabbii maallaqaa dabalataan akka murtaa’u
taasisuudha,
Hojjetaan Mootummaa Ykn jarmiyaa Uummataa sababa gahaa osoo
hin qabaanne kaffaltii malee ykn kaffaltii gahaa malee wanta gatii baasu
kamiyyuu yoo fuudhate ni adabama,
Bu’uura kanaan kan gaafatamu :

1. Wanta gatii baasu fudhachuun isaa yoo mirkanaa’e,

2. Kan fudhate osoo homaa hin kaffaliin ykn kaffaltii wal-hin gitne
kan kaffale ta’uu yoo mirkannaa’e fi

3. Wanta gatii baasu maaliif kaffaltii malee akka fudhate yoo


gaafatamu fudhachuu isaatiif sababa rogummaa qabu dhiheessuu
yoo hin dandeenye dha,
Gaaffiiwwan tumaalee kana waliin wal-qabatanii ka’uu malan:

1. Kaffaltii wal hin gitne jechuun maal jechuudha? Hanga kaffaltii


gatii wanta tokkoo adda baasuun salphaa miti. Sababni isaas
gatiin sadarkaa qajeeltotti gabaan waan murtaa’uuf yeroo
yerootti ni jijjiirama, gatii gabaa illee hubachuun salphaa miti.
Haa ta’u malee itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisuuf garaa
garummaan ifatti mul’atu jiraachuun dirqama.

Fkn.

Mana Jireenyaa Abbaa darbii tokko qarshii kuma kudhaniin


bituu,
2. Bu’uura keewwata kanaan kan adabsiisuu wanta gatii
baasu kaffaltii malee kan fudhate sababa gahaa otoo hin
qabaanne yoo ta’eedha, Sababa gahaa hin qabu kan
jedhamu haala kamiin?
 Kanaaf ka’uumsa Kan ta’u sababni gahaa Kan ta’uu
danda’u maal? Kan jedhu ilaaluun barbaachisaadha,
 Kwt. 19(2) seerri argannaa qabeenyota akkanaa akka
galmeessu ykn beeksisu kan ajaju tahee yoo hinraawwatiin
hafes akka adabsiisu kaa’a,
 Kwt.19/3/ “Akkaataa aadaa ykn barmaata biyyaa ykn naannootiin
akka kennaa michuuf kennamutti ilaalamu fudhachuu ykn firoota
dhiigaa fi fuudhaa heeruma ykn fira dhihoo irraa kennaa
argachuun yakka keewwata kanan ilaalame hin hundeessu”
jedha.
 Waan kana ta’eef, himatamaan kennaan fudhate baratama
biyyaatiin ykn naannootin akka kennaa firaaf/ hiriyyaaf
kennamuutti kan lakka’amu ta’uu yoo mirkaneesse ykn kennaa
firoota dhiigaa ykn fuudhaa fi heeruma ykn firoota dhihootiin
kennameef ta’uu mirkaneessuu yoo danda’e sababa rogummaa
qabu godhamee fudhatamuu danda’a.
Kwt. 26-Sababa gahaa utuu hinqabaatiin wantoota gatii qaban
kaffaltii malee ykn kaffaltii wal hinmadaalle kan kenne(Giving
things of value without or with inadequate consideration),
(S/Yakkaa kwt. 428 irra kan turee dha)
 Kwt. 428(2) kan hinturre, amma garuu Kwt. 26(2) dabaleera
(exception)), kunis ‘kennaan qabeenyaa gatii qabu akka
biyyoolessaatti ykn aadaa naannootti ykn baratamaan bifa
hiriyyummaa agarsisuun ykn, fira dhiigaa ykn fuudhaa fi
heerumaa gidduutti ta’u’ akka yakka bu’uuressuu hindandeenye
kan kaa’eedha.
Qabeenyaa fi Maallaqa Maddi Isaa Hin Beekamne ( Kwt
21, possession of unexplained property)
 Kunis S/Y Kwt. 419 irraa akkuma jiruun kan fuudhamee dha.
 Tumaan seera yakka haqamee labsii lakk.881/2007 kwt.21 jalatti
tumameera.
 Tumaan kun kutaa yaadaa hin ka’uu. Falli isaa Sy kwt 57 (2)

Hojjetaan Mootummaa ykn jaarmiyaa Uummataa Kan ta’e ykn Kan


ture:
1. Sadarkaan jireenyaa isaa hojii amma irra jiru ykn duraan irra ture ykn
galii seera-qabeessa karaa biraatiin argatu ykn argachaa turee kan caale
yoo ta’e ykn;
2. Qabeenyi qabuu ykn maddi maallaqa , galii amma argatu ykn hojii
duraan irra tureen ykn galii seera-qabeessa karaa biraatiin argachaa
ture waliin wal hin maddale yoo ta’e fi

3. Sadarkaa jireenya akkanaa akkamitti akka jiraate ykn qabeenyi


akkamiin harkaa galuu akka danda’e mana murtiif yooo
mirkaaneessuu baate qabeenyichi akka dhaalamu akkasumas hidhaa
cimaa waggaa 5 hin caallee fi Adabbii qarshiin kan adabamu ta’uu
tumameera
 Himatamaan dura qabeenya qabaachuu isaa mirkaneessuu yoo
danda’e; ykn erga hojjetaa mootummaa ta’ee qaxaramee booda madda
galii seera qabeessa galii hojiira argatuun wal madaalu qabaachuu isaa
yoo mirkaneesse itti gaafatamummaa jalaa bahuu danda’a.
 Galii fi baasiin wal-gituu dhabuu agarsiisuu qofti qorannaa

jalqabuuf gahaa ta’uu danda’a.

 Himannaa hundeessuuf garuu himatamaan madda galii biraa

qabaachuu isaa mirkaneessuuf carraaquun barbaachisaadha.

 Kana ta’uu yoo baate himatamaan madda galii seera qabeessa

ta’e qabaachuu isaa mirkaneessuu yoo danda’ee himannaan gatii

dhaba.
Seerota kana tumsan
 labsiin qabeenya beeksisuu fi galmeessuu lakk.668/2002
sadarkaa Federaalaatti fi labsiin lakk.169/2003 Sadarkaa
Naannootti tumameera.
 Muudaman, filatamaan uummaataa fi hojjetaan
mootummaa qabeenyaa fi madda galii maqaa isaa fi maatii
isaatiin jiru yeroo seeraan taa’e keessatti beeksiisuu fi
galmeessiisuu akka qabu, dirqama kana yoo hin baane
qabeenyichi bu’uura labsii lakk.881/2007 kwt.21 tiin akka
qabeenya maddi isaa hin beekamnetti akka lakkaa’amu
mul’isa jechuu dha.
 Tumaan kun qabatamaan bal’inaan ni mul’ata. Dhimma galmee
lakk.58514 ta’e irratti dhaddacha ijibbaataa Mana murtii waliigala
Federaalaan Hankooraa Harqaa fi KNFM Naannoo Kibbaa jidduu
turee murtii argate haa ilaallu (Jildii 12ffaa, Amajji 09/2003 kan
murtaa’e)
 Dhimma kanarratti himatamaan Miindaa qarshii 182 irra gara 928 tti
guddatanii miindaa xiqqa kanaanmaatii isaanii utuu bulchanii
qabeenya miliyoonati lakka’amu waan horataniif yakka qabeenya
maddi isaa hin ibsamne qabachuun himatameera. Manneen murtii
himatamaan miindaa xiqqaa kanaan qabeenya kana horachuu fi haati
warraa isaa galii seera qabeessa kan biroo kan hin qabne waan ta’eef
murtii balleessummaa irratti dabarsaniiru. Murtiin kun dhaddacha
Ijibbaataanis cimeera.
Namni tokko galiin ykn miindaan isaa ji’aan ala galii seera
qabeessa qabaachuun isaa kan mirkanneessuu hindandeenye yoo
ta’e qabeenya miliyoonaan tilmaamamu qabaatee yoo argame
sababuma qabeenya maddi isaa hinbeekamne qabatee argameef
yakka malaammaltummaan kan adabsiisu ta’uu murtaa’ee kan
jiru dha (SY bara 1996 kwt. 419)
Mattaa’a daddabarsuu (ማቀባበል) / kwt 27 facilitating acts of
bribery ).
 S/Y kwt. 429 (kan fooyya’e) ‘Acting as a go-between’ kan jedhuu dha.
 Yakki kun yakka Nama kamiin iyyuu raawwatamuu dha.
 Tooftaa raawwii yakkichaa hojjetaa mootummaatiif ykn jaarmiyaa
uummataa tiif mattaa’aa kennuuf nama biraa irraa maallaqa, waan
gatii baasu, tajaajila ykn faayidaa biroo fudhachuu ykn dabatara
herregaa baaknii qabu mattaa’aa daddabarsuu oolchuu; ykn mattaa’aa
akka walii kennaniif haal mijeessuu, wal-qunnamsiisuu/waliingahuu,
akka waliigalan taasiisuu fi hojii dalaalummaa raawwachuun hammata
 Namni gocha kana raawwatu ofii isaati faayidaa kamiyyuu argachuu
dhiisuu danda’a.
Amantaa hir’isuu
Imaanaa Hir’isuu Cimaa ( kwt 31, Aggravated Breach of
Trust)
kwt. 31 kuni, S/Yakkaa Kwt. 676(1) fooyyesseera,

 labsii lakk.881/2007 kwt 35 Sy kwt 676(1) haqee jira.

 Yakki kun hojjetaa mootummaa ykn hojjetaa jaarmiyaa


uummataa kamiyyuu raawwatamuu ni danda’a
 Kutaan yaadaa yakkichaa badhaadhina hin malle ofiif
argachuu ykn nama biraatiif argamsiisuudha.
Ijoowwan yakkicha hundeessan
 qabeenya mootummaa ykn jaarmiyaa uummataa taajajila
murta’adhaaf imaanaadhaan namatti kenname ykn maallaqa
hunda ykn walakkaa faayidaa ofiif oolfachuu, nama biraaf
oolchuu, fudhachuu, namni biraa akka fudhatu taasiisuu,
dhoksuu ykn tajaajila ofiif ykn nama biraaf oolchuu ykn gocha
kana fakkaatu kamiiyyu raawwachuudha.
 Kwt. 676(2) yakka malaammaltummaa jalatti hin hammatamu

Gaaffii marii

Garaagarummaa labsii lakk 881/2007 fi kwt 31 fi 676(2)


fakkeenyaan deegaruun ibsaa ??
Bu’uura labsii kanaa kew.31 (3)(b) tiin yakka amntaa hir’isuu
cimaa raawwatamu isaa mirkanneesssuuf Abbaan Alangaa
(himataan) qabxiin mirkaneessuu qabu:
 Himatamaan mi’a ykn maallaqa caallaa imanaadhaan fudhachuu
isaa;
 Himatamaan imanaadhaan kan fudhate deebisuuf ykn kaffaluu
yoo hin dandeenye fi mi’icha tajaajila barbaachisuuf oolchuu isaa
mirkaaneessuu yoo hin dandeenye ykn haala irra jiru agarsiisuu
kan hin dandeenye ta’uu mirkaneessuun yoo danda’ame yakkichi
mirkanaa’era jechuudha,
 Dhimma 1ffaa
 A/Alangaa KNFMMNO Vs ......... gidduutti MMO G/H/Bahaatti
galmee 30221 Kwt. 676(1) irra darbuudhaan fayidaa isaaf
hinmalle argachuuf ykn nama biraaf fayidaa argamsiisuuf ykn
dantaa fi fayidaa mootummaa irraan miidhaa geessisuuf itti
yaadee MMO Godinichaatti Ofiisera seeraa ta’ee yeroo hojjetu
galii maallaqaa Abbaa Seerummaa MM Hemo 1/1/ tiin qarshii
137, 274.20 funaane keessaa qarshii 20,893.50 qofa galii gochuun
qarshii 116,380.70 hir’iseera jedhamuun himatamee ragaadhaan
qulqullaa’ee, raga ittisaa hinqabu yoo jedhu M/Murtichaa erga
deebi’ee ragaa dabalataa ajajuun qulqulleessee, ammas irra
deebi’uun
ragaa ittisaa dhiyeeffadhu jechuun yeroo lammaafaaf ajajee
dhaddacha gaafa 27/09/2007 ooleen ammoo qabxiin ragaan
mirkanneesse waliin keewwanni rogummaa qabu kwt. 676(2,A)
dha jechuun itti jijjiiruun sababoota himatamaan leenjii herregaa
(accounting) malee hojii herregaa walxaxaa ta’e kan hojjetaa
ture, nagahees karaa seera qabeessaan taheenis isa harka
hinseeniin fuudhee galii ittiin sassaabuu haala ifa hintaane waan
taheedha, sababuma kanaanis waggaa 2 oliif hojii dhabee ta’aa
jiraachuun isaa tilmaama keessa galchuun sadarkaa gad aanaa
fudhachuun rikoordii dhabuu fi ilmaan hedduu qabaachuu
sababa adabbii hir’isuu lama fudhachuun hidhaa cimaa waggaa 2
tiin kan adabeedha.
Dhimmichis MMWO Dhaddacha Bahaatti Ol’iyyatamee booda
‘dhimma tokko irratti mirga ofi irraa ittisuu himatamaa
deddeebi’uun eeguun adeemsa dogoggoraa ta’uun, kew. 676(1)
gara 676(2,A) jijjiiruun balleessaa taasisuu fi ragaan A/Alangaa
gochi mirkanneesse utuu Himatamaan Ofirraa hinittisiin
dogoggora ta’uun ibsamee akka irra deebi’amee kwt. 676(1)
jalatti balleessaa jedhamee adabbiin laatamuuf MMO
Godinichaaf gad deebi’eera.
Ijoon akka ilaalamu barbaanne:
Ofiiserri Seeraa aangoo sadarkaa kamii jala gala?
Deemsi ittiin akka ittisu ajajames xiinxalaa
Sababoonni adabbii salphisuu fi keewwata jijjiiruu MMO
Gowwomsaa cimaa (kwt. 32, Aggravated Fraudulent
Misrepresentation)
S/Y Kwt. 696 irra kan jiru akkuma jirutti ta’ee, garuu yakka
malaammaltummaadhaaf raawwatiinsa hinqabu (Labsicha
kwt. 36(1))
 Hojjetaan Mootummaa ykn jaarmiyaa Uummataa
badhaadhina isaaf hin malee ofiif argachuuf ykn nama
biraatiif argamsiisuuf yaaduudhaan waantoota
dogoggorsiisaa ta’an dubbachuudhaan; ykn haala ykn
eenyummaa ofii dhoksuudhaan; ykn wanta ifa gochuu qabu
 dogoggora tilmaama ykn amantaa nama biraa
fayyadamuudhaan gocha seerri dhorku raawwachuun ykn kan
seerri ajaju raawwachuu dhiisuun nama biraa gowwomsuun
faayidaa isaaf ykn nama sadaffaaf akka miidhu yoo taasise
yakka gowwoomsuu cimaan akka raawwatamu labsicha kwt.32
jalatti tumeera.
 Tumaan kun Kan Seera Yakkaa kwt.696 jalatti tumameen kan
wal fakkaatuudha.

Gaaffii marii

Gocha gowwoomsuu gocha sanada sobaa qopheessuu irraa maaltuu


adda taasiisaa ???
 Gocha gowwoomsuu gocha sanada sobaa qopheessuu irraa adda
kan taasisu barreeffaman osoo hin taane, dubbiidhaan,
mallattoodhaan fi kkf dogoggorsuudhaan ykn waliin dhahuudhan
gocha raawwatamu ta’uu isaati.
 SY kwt 696 gochi Gowwomsuu sanada sobaatti
gargaaramudhaan kan raawwatamu yoo ta’es, yakki kun yakka
sanada sobaa qopheessuu walqabatee akka ilaalamuu ta’uu,
Haala himannaa isaan walqabatees seerri yakkaa kwt. 699 jalatti
tumaalee waa’ee sanada sobaa ilaalchisee rogummaa qaban
caqasuun yakka dachaan himannaa hundeessuun akka
danda’amu kan ibsuu dha,
 Labsii lakk. 881/2007 walqabatee Seerri Yakkaa kwt.699
rogummaa qabaachuun ifatti hin tumamne. Dhimma kana
tumaalee Seera Yakkaa kan waliigalaa yakka idilee waa’ee
daddabalamaa tuman waliin walitti fiduun ilaaluun fala ta’a,
Sanadoota mootummaa ykn Jaarmiyaalee uummataa
fakkeessuun qopheessuu, gara sobaatti jijjiiruu, sanada
sobaatti gargaaramuu Kwt 23 (1-4)
 Yakkichi nama kamiyyuu, ykn hojjetaa mootummaa ykn
jaarmiyaa uummataatii raawwatamuu danda’a.
 Qopheessuu, gara sobaatti jijjiiruu, itti fayyadamuu,
 Namni biratti argame qabame akka ofii qopheessetti ykn
qopheesiseeti tilmamama ( kwt 23/4) presumtion
Sanadoota mootummaa ykn Jaarmiyaalee Uummataa
balleessuu ykn miidhaa irra gahuu .Kwt 24 (1-4)
 SY kwt 381 jalatti tumamee ture. Yakka mal, hin ture
 Labsii 881/2007 yakka mal. Taasiisuun tumee jira.
Yakkichi nama kamiyyuu, ykn hojjetaa mootummaa ykn
jaarmiyaa uummataatii raawwatamuu danda’a.
 Itti yaadamee ykn dagannoon raawwatamuu danda’a
Maallaqa Yookiin Qabeenya Gocha Yakkaan Argame Seera
Qabeessa Fakkeessanii Dhiheessuu fi Yakkicha Gargaaruu
( kwt 33, Money laundering )
 Qabeenya karaa seera ala argame seeraa qabeessa
fakkeesuun dhiyyeessuudha. Yakki kun fakkeenyaaf
qabeenya bu’aa yakka baala sammuu namaa haddoochuu,
nama, meeshaa waranaa dadabarsuun argame;
malaammaltummaa fi kkf argame seera qabeessa
fakkeessuun sirna seera qabeessa keessa galachuun ittiin
hoojjechuu akka ta’e waliigaltee farra malaa idil addunyaa,
waliigaltee yakkoota daangaa ce’uun raawwataman ittisuu fi
too’ achuuf bahanii fi kkf ni ibsu.
 Kwt. 33 Maddi qabeenyichaa yakka malaammaltummaa yoo ta’e
akkaataa barbaachisummaa isaatti Seerri (Money laundering)
ykn Seerri malaammaltummaa rogummaa qabaniin himannaan ni
dhiyyata. Yakka malaammaltummatiin ni himatamaa jechuudha.
 Labsii Yakki Maallaqa Ykn Qabeenya Gocha Yakkaan Argame
Seera Qabeessa Fakkeessanii Dhiheessuu fi shororkeessummaa
maallaqaan gargaaruu ittisuu fi too’achuuf Lakk. 780/95 kwt.
57(1)(B) SY Kwt. 684 haqeera.
 Kana jechuun dhimma 684 SY irra ture yeroo ammaa Labsii
780/95 tiin ilaalama jechuudha,
 Kanaaf yakka kanaaf tumaan rogummaa qabu labsii 780/95 kwt.
29 ff irra kan jiruu dha.
Gosoonni Adabbii Labsii kanaan haammataman :
 Adabbii hidhaa
 Adabbii maallaqaa
 Qabeenyaan dhaalamuu
 Adabbii Siivilii /Beenyaa/
 Tarkaanfii Bulchiinsaa

Tumaalee labsii lakk 881/2007 kwt. 35 Haqaman


Sy kwt 379, 381, 402 hang 419 ; 427-431, 468, fi 676(1)
Galatoomaa!!!

You might also like