You are on page 1of 122

Qajeelfama Itti -gaafatamummaa

Faayinaansii bahuu dhabuudhan


Tarkaanfii Bulchiinsaa Fudhatamu
/

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

Qajeelfama Itti -gaafatamummaa


Faayinaansii bahuu dhabuudhan
Tarkaanfii Bulchiinsaa Fudhatamu Lakk.
---------/2012

Tilahun Tiba
Qajeelfama
QajeelfamaItti
IttiGaafatamummaa…….
Gaafatamummaa…….

KutaaTokko
Waliigala
1. Abba aangoo Qajeelfamicha Baase
Biiroon Maallaqaa fi Wal-ta’iinsa Dinagdee
Mootummaa Naannoo Oromiyaa bu’uura
Dambii Bulchiinsa Faayinaansii Mootummaan
Naannoo Oromiyaa Foyyeessuuf bahe lakk. 207/2011
keewwata 67(3) tiin aangoo kennameef irraatti
hundaa’ee Qajeelfama kana baaseera.

Tilahun Tiba
3
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….
Qajeelfama
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa
Gaafatamummaa…….

2. Mata Duree Gabaabaa


Qajeelfamni kun “Qajeelfama Itti -
gaafatamummaa Faayinaansii bahuu
dhabuudhan Tarkaanfii Bulchiinsaa
Fudhatamu Lakkoofsa ----/2012” jedhamee
waamamuu ni danda’a.

Tilahun Tiba
4
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

3. Hiika
Akkaataan gaalumsa jechaa hiikaa biraa
kan kennisiisuuf yoo ta'e malee, qajeelfama kana
keessatti jechootni Labsii Bulchiinsa Faayinaansii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Fooyyeessuuf bahe Lakk.209/2010 fi Dambii
bulchiinsa faayinaansii irraa deebiidhan
foyyeessuuf bahe lakk.207/2011 keessatti hiikaa
kennameef ni qabaatu. Dabalataanis, qajeelfama
kana keessatti:-

5
Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

3.1 “Argannoo odiitii” jechuun raawwii ta’uu


qabuu fi kan ta’ee argame jidduu
garaagarummaa jiru jechuudha

Bedri Muktaar
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

3.2 ”Sadarkaa Qulqullinaa” jechuun


Biirichi karooraaf, dhiyeessa gabaasaa fi
cufiinsa herregaatiif ulaagaalee |
sadarkaalee kaa’aman kan guuteedha.

Tilahun Tiba 7
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

3.3 ”Sirna hojimaataa” jechuun


Biiroon bulchiinsa faayinaansii
mootummaa hojii irra akka
ooluu maanuwaloota
yookiin tooftaalee
hojimaata elektirooniksii
dirriiran dha.

Tilahun Tiba
8
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

4. Daangaa Raawwatiinsa
Qajeelfamni kun manneen hojii
mootummaa jedhamanii kan
waamaaman hunda irratti rawwaatinsa ni
qabaata.

Tilahun Tiba 9
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

5. Kaayyoo
Kaayyoon qajeelfama kanaa
muudamtootaa fi ramadamtooti manneen
hojii mootumma seerota bulchiinsa
faayinaansii fi Sirna hojimaataa diriiran:-

Tilahun Tiba 10
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….
Qajeelfama Gaafatamummaa

1. Fedhii maallaqa callaa, karoorawwan odiitii keessaa


fi karoorawwan kutalee hojii biroo
2.Gabaasalee herregaa , gabaasalee odiitii, fi gabaasalee
raawwii hojii kutaalee biroo;
3.Argannoowwan odiitii keessaa fi alaa irraatii
tarkaanfiin fudhatamuu isaa mirkaneessuuf,
4.Gaaffiilee baajataa sagantaa,gabaasaalee
sagantaa bajataa
fiiziikaalaa fi faayinaansii yeroo murtaa’eef keessatti
qul-qullina barbadamuun Biirootiif/ Waajirraf akka
dhihaatu tasiisuf ta’ee, kannen dirqamaa fi
Ittigaafatamummaa isaanii hin baane irratti gaafatamuma
taassisuu dhaf.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

6. Ittigaafatamummaa
6.1 Muudamtooti fi ramadamtooti
manneen hojii mootummaa
naannoo,
naannoo godinalee, magaloota fi
aanalee sirna hojimaata biiroon
dirirseen karoora fi gabaasalee
sadarkaa qulqullinaa barbadamuun
hojjechuun yeroo murtaa’eef
keessatti Biiroof yookiin Waajjiraf
dhiyeessuuf Ittigaafatamummaa
qabu.

Tilahun Tiba 12
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

6.2 Itti gaafatamummaa Daareektor


Daayreektooretii| Biiroo fi Abboole Ademsaa hojii
Godinalee :-
6.2.1 Qajeelfama kanaa lakkoofsa 8.4; 9.4;
10.4; 11.4 12.4 13.4 irratti bu’uura
ibsameen yaada murtoo dhiheessuu
qabu .

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

6.2.2 Qajeelfama kana tarreeffama 6.1 irratti


akka ibsameen sadarkaa qulqullina isaa
kan hin eegne sirna hojimaata
Biirootiin diriireen karoora yookiin
gabaasota hin qophoofne ilaalchisee
yeroodhaan gabaasa isaa Biiroof
dhiheessuuf itti gaafatamuummaa qabu.

Tilahun Tiba 14
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

6.3 Tarkaanfiiwwan bulchiinsaa kan raawwatuu


tokkoon tokkoon naman ykn dhuunfaadhaan adda
bahe ta’a.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

7. Gaafatamummaa
7.1 Qajeelfama kana lakkofsa tartiba ( 6.1 )
irratti ittigaafatamummaa ibsame kan hin
baane muudamtoonii fi
Daayrektorottin / Abbaa Adeemsoota kutaalee
hojii bulchiinsa faayinaansii fi kutaleen hojii
biroo manneen hojii mootummaa akkaata
balleessaawwan fi itti gaafatamummaa
ilaalatuun gaafatamoo ta’u.

Tilahun Tiba 16
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

7.2 Qajeelfama kana tartiba lakkoofsa 6.2 tiin


ittigaafatamummaa itti kenname kan hin
baane Daayrekteerottin/Abbotti adeemsa hojii
Biiroo/ waajjira gaafatamoo ta’u.
ta’u

Tilahun Tiba 17
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

KutaaLama
8. Qophii fi Bulchiinsaa Baajataa ilaalichsee Balleessawwan fi
Tarkaanfwwan Bulchiinsa fudhataman
8.1 Balleessaawwan tarkaanfwwan bulchiinsaa
hordofisisan
8.1.1 Bara baajataa dhufuf yookiin
baajataa waggoottan dhufanif
gaaffii baajataa sagantaa (program
Budgeting) Sadarkaa qulqullinaa fi
sirnawwan hojimaataa dirireen
qopeesuun hanga Ebla 15 tti Biirodhaa/
Waajjiraaf dhiyeessuu dhabuu yookiin
dhiyaachuu isaa mirkaneeffachuu dhabuu;

18
Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

8.1.2 Sagantaa raawwii baajataa sagantaa Sadarkaa


qulqullinaa fi sirnawwan hojimaataa dirireen qopeesuun
hanga Adoolessa 30 tti dhiyeessuu dhabuu yookiin
dhiyaachuu isaa mirkaneeffachuu dhabuu;

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

8.1.3 Sagantaa raawwii karoora fiiziikaalaa fi


faayinaansii baajataa sagantaa sadarkaa
qulqullina fudhatamaqabuun hanga
Adoolessa 30 qopheessuun biiroof
dhiyeesuu dhabuu fi haala
sagantichaan gabaasa raawwii
fiizikaalaa fi fayinaansii kurmaana kurmaanaan,
kurmaanni dhumee guyyoota 10 ji’a itti
aanu keessatti akkaasumas gabaasa
waggaas dhuma waggaatti hanga
Waxabajii 20tti dhiyeesuu dhabuu yookiin
dhiyaachuu isaa mirkaneeffachuu dhabuu;

Tilahun Tiba 20
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

8.1.4 Iftoominaa fi gafatamuumaa


faayinansii ilaalchisee odeeffannoo karooraa
fi bajataa yeroon, Sadarkaa qulqullinaa fi
sirnawwan hojimaataa dirireen
hawasaaf ifa gochuu (beeksiisuu)
dhabuu,

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

8.2 Tarkaanfiiwwn Bulchiinsa fudhataman


Biiroon
8.2.1 Qajeelfama kana lakkoofsa tartiiba 8.1.1 irratti bu’uura
ibsameen baaleessaan raawwatame yeroo jalqabaaf
yoo ta’e, gaaffii baajataa sagantaa qopha’ee
guyyoota hojii 3 keessaatii akka dhiiyyatu fi
balleessawwan lakkoofsa tartiiba 8.1.2,
8.1.3, fi 8.1.4 irratti ibsaman yeroo jalqabaaf kan
raawwataman yoo ta’e gabaasa isaa
guyyota hojii 5 keessatti akka dhiiyatu;
muudamaan mana hojichaa gabaasichi dhiyaachuu
isaa akka mirkaneessu of-eeggannoon ykn
akeekachiisi jalqabaa barreeffamaan
ni darbaaf.
Tilahun Tiba 22
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

8.2.3 Qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama 8.2.2 irratti


bu’uura ibsameen yeroo kennameef keessatti yoo
hin dhiyaatiin hafee , dabalataan gaaffii baajata
sagantaa guyyoota hojii 3 keessatii, sagantaan raawwii
fi gabaasaan raawwii hojii guyyoota hojii 5
keessatti akka dhiyaatu ibsameef kan hin
raawwatamne yoo ta’e, muudamas ta’e
ramadamaan irraatti tarkaanfiwwan bulchiinsa dabalataa
akka irraatii fudhatamu ibsuufiin yeero lammaffaaf
of’eeggannoon barreeffamaa mana hojicha akka
qaqqabu ni ta’a.

Tilahun Tiba 24
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

8.2.4 Qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama 8.2.3


irratti akka ibsameeti gaaffiin sagantaa baajataa
yookiin sagantaa raawwii fi gabaasan raawwii isaa
hin dhiyyatin yoo hafee balleessaa yeroo
lammaffaaf tarkaanfiin bulchiinsa mallaqan: mallaqan
– Nama ramadame irratti Qr. 5,000.00
– Muudamaa irratti Qr.6,000.00 irratii
fudhatamee, gaaffiin baajataicha guyyoota
hojii 3 keessati ,gabaasawwan hojii guyyoota
hojii 5 keessatti akka dhiyaatu xalayaadhaan
mana hojichaaf ni ibsama.

Tilahun Tiba 25
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

8.2.5 Gaaffiin baajata sagantaa akka dhiyaatuu


guyyoota hojii 3, gabaasootin fi raawwiin hojii
guyyoota hojii 5 dabalataan kennameefii yoo hin
raawwatamn haafe , muudamaafii nama ramadame
irraatii tarkaanfiwwan bulchiinsa akka
itti fudhatamu ibsamee yeroo 3ffaa
of’eeggannoon bareeffaamaan mana hojichaa
akka qaqqabu ni taassifama.

Tilahun Tiba 26
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

Tilahun Tiba 27
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

8.2.7 balleessaan irra deddeebi’ee of’eeggannoo


irraa hanga tarkaanfiin bulchiinsa maallaqaan
fudhatamee gaaffii baajata sagantaa dhiyaachuu
qabu yookiin sagantaan raawwii yookiin
gabaasaan raawwi yoo hin dhiyaatin hafe keewwaata
kana irratti bu’uuruma tarreeffameen ragaa jiru
irratti hundaa’uun baajata mana hojiichaa bara
itti aanuu biiroodhan ni murta’a. Sagantaan
raawwii fi gabaasaleen raawwatiinsa ilaalchisee
manni hojichaa gabaasa hanga hin
dhiyeessinetti kaffaltiin akka hin raawwatamne
ni taassifama.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

8.3 Nama Tarkaanfiin irratii fudhatamuu


Qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama 8.2.2
; 8.2.4 ; 8.2.6 irratti haaluuma
ibsameen, tarkaanfiin bu’uura
caasaa /ga’e hojii mana
hojichaatiin Daayrikteeroota / Abbaa Addeemsa
hojii fi muudamaa irratti ta’a.

(Ogganaa Biiroo / I/A)

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

8.4 Akkaata Tarkaanfiin Bulchiinsa itti fudhatamu


Daarekiterootii Karooraa,Hordoffii fi
Gamaaggama Raawwiilee, Daarekiterootii
Qoodii Baajataa fi Walta’iinsa Dinagdee fi
Daarekiterootii Sagantaalee/Projektoota
Gargaarsaa fi Liiqii qajeelfama kana lakkoofsa
tarreeffama 8.1.1. 8.1.2 ; fi 8.1.3 irratti
balleessawwan ibsaman yeroo raawwataman
tarkaanfiin bulchiinsa lakkoofsa tarreeffama
8.2.1 hanga 8.2.6 irratti kanneen caqasaman fi
qajeelfama kana kutaa sadii tiin ittigaafatama
irraa kaasuuf tarreefame irratii hunda’ee
tarkaanfiiwwan bulchiinsaa akka fudhatamu
yaada murtii biiroodhaaf dhiheesuu qaba.
Tilahun Tiba
30
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9. Bulchiinsa maallaqa callaa ilaalichsee balleessawwan fi


tarkaanfiwwan bulchiinsa fudhataman.
9.1 Balleessawwan
9.1.1 Bara bajataa dhufuf karoora galii fi
baasii ji’a ji’aan adda baasamee
sadarkaa qulqullinaa fudhatama
qabuun qophaa’ee barrii baajataa
eegaalee guyyoota 10 hanga 20 keessatti
Biiroohaaf dhiyeessuu dhabuu yookiin
dhiyaachuu isaa mirkaneessuu dhabuu.

Tilahun Tiba
31
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.1.2 Feedhii tilmaama galii fi baasii maallaqa callaa


naannawa kan ji’a sadii sadarkaa qulqullina
fudhatama qabuu fi sirna hojimaataa
diriireen qopheessuun osoo jiinni hin galiin
guyyaa 10 dura biiroodhaaf dhiyeessuu dhabuu yookiin
dhiyaachuu mirkaneessuu dhabuu.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.1.3 Lakkoofsa maallaqa callaa guyyaa


guyyaadhan sadarkaa qulqullina fudhatama
qabuu fi sirna hojimaataa diriireen sa’a 10: 30
irra eegalee rawwaatamuu qabu, raawwachuu
dhiiuu,

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.1.4 tokkoo tokkoo dhuma ji'a irratti


herreega walittiqabamaa,
dirqaamawwan ii fi gaaffii naaf-ta'aa
ilaalchisee ibsa guutuu qopheessuun gabaasa
ji'a waliin dhiyeessuu dhabuu.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.1.5baasiiwwan xixiqqaa hojii adeemsiistuuf


kan oolu maallaqa mala bulchiinsa maallaqa
bakka bu'uun raawwachuu dhabuu.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.2 Tarkaanfiwwan Bulchiinsa fudhataman:-


Biiroon:
9.2.1 Qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama 9.1.1 hanga
9.1.5 irratti balleessawwan ibsaman manni
hojii raawwate sireeffama isaa guyyoota hojii
5 keessatti akka dhiyeessu; muudamaan
mana hojichaa dhiyaachuusaa akka
mirkaneessuu yeroo jalqabaaf akeekkachiisa
barreeffamaa mana hojiichaf ni darba.

Tilahun Tiba

36
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.2.2 Manni hojii mootummaa lakkoofsa


tarreeffama 9.2.1 irratii akkuma ibsameen yeroo
kennameef keessatti tarreeffama bu’uura
lakkoofsa 9.1.1 hanga 9.1.5 irratti ibsaman yoo
hin dhiyeessin haafe balleessaa yeroo jalqabaaf
tarkaanfii Bulchiinsa mallaqan:
a) Nama ramadame irrati Qr.5,000.00
b) Muudamaa irratti Qr.6,000.00 kan
fudhatamu ta’ee; raawwin isaa guyyoota
hojii 5 keessatti akka dhiyeessan
xalayaadhaan mana hojichaaf ni ibsama .

Tilahun Tiba
37
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.2.3 akkataa lakkoofsa tarreeffama 9.2.2 irratti


ibsameen yeroo kenname keessatti
yoo hin dhiyaanne; dabalataan
guyyoota hojii 5 kennuufiin ammas hin
raawwatamiin yoo haafe,
muudamtichas ta’e namni
ramadamaan tarkanfiin
bulchiinsa dabalataa akka itti fudhatamu
ibsamee marsaa lammaffaaf
akeekkachiis barreeffamaa mana hojichaa akka
qaqqabu taassisa.
Tilahun Tiba

38
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.2.4 Qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama 9.2.3


irratii bu’uuruma ibsamen dhimoon barbaadaan
kan hin dhiyaane yoo ta’e balleessaa yeroo
lammaffaaf raawwatameef tarkaanfiin
Bulchiinsa mallaqan:
a) Nama ramadame irratti i Qr. 5,000.00
b) Muudamaa irratti Qr. 6,000.00 kan
fudhatamu ta’ee; raawwiin guyyoota
hojii 5 keessatti akka dhiyeessan
xalayaadhaan mana hojichaaf ni
ibsamaaf
Tilahun Tiba

39
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.2. 5 lakkoofsa tarreeffama 9.2.4 yeroo


kenname keessatti yoo hin dhiyaanne;
dabalataan guyyoota hojii 5
kennuufiin ammas kan hin raawwatamne
yoo ta’e muudamtichas ta’e namni
ramadamaan tarkaafiin bulchiinsa
dabalataa kan itti fudhatamu ta’uu isaa
ibsamee akeekkachiis yeroo sadeefaaf
barreeffamaan mana hojichaa akka
qaqqabu ni taassisama.
Tilahun Tiba

40
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.2.6 Qajeelfama kana tarreeffama lakkoofsa 9.2.5


bu’uuruma ibsameen kanneen hojietamuu qaban
kan hin raawwatane yoo ta’e balleessaa yeroo
sadeeffaa raawwatameef tarkaanfiin Bulchiinsa
mallaqan
a) Nama ramadame irrati Qr. 5,000.00
b) Muudamaa irratti Qr. 6,000.00 kan
fudhatamu ta’ee; guyyoota hojii 5
keessatti akka dhiyeessan xalayaadhaan
mana hojichaaf ibsamaaf
Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.2.7 Akeekkachiisa hanga tarkanfii maallaqaatti


deddeebiidhaan fudhatamee karoorri kan hin dhiyaanne
yoo ta’e ragaa jiru irratti hundaa’uun baaxii maallaqa
callaa biroon ni murteessa. sababa karoorichi
dhiyaachuu dhabeef kaffaltiin mana hojichaa hin
raawwatamu.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.3 Nama Tarkaanfiin irratii fudhatamuu


Qajeelfama kana lakkoofsa
tarreeffama 9.2.2 ; 9.2.4 fi
9.2.6 irratii ibsamen
tarkaanfiin kan irratti
fudhatamu bu’uura
caasaa mana hojichaatiin
Daayrikteeraa/ Abbaa
adeemsa hojii fi muudamaa
Irratti ta’a
Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

9.4 Haala tarkaanfiin itti fudhatamu


Daarikteeraa Daariktooreetii bulchiinsa
Faaynaansii Naannoo qajeelfama kana
lakkoofsa tarreeffama 9.1.1. fi9.1.2 irraatti
baaleesaawn ibsaman yoo raawwataman
lakkoofsa 9.2.1 hanga lakkoofsa 9.2.6 kan
ilaallatu fi qajeelfama kana kutaa sadii tiin
ittigaafatama irraa kaasuuf ibsa tarreefama
tarkaanfiiwwan bulchiinsaa akka fudhatamu
yaada murtii Biirichaaf ni dhiheessa
44
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10. Herrega Mootummaa Ilaalchisee balleessawwan fi


tarkaanfiwwan bulchiinsa fudhataman
10.1 Balleessawwan
10.1.1 Herrega ji’a waxabajjii irraa kan hafe gabaasni
herrega ji’aa sadarkaa qulqullina fi sirna hojimaataa
fudhatama qabuun qopheessuun jiini itti aanu
galee guyyoota 15 keessatti kallattiidhaan Biiroodhaaf
fi galagalchaan kutaa odiitii keessaa mana
hojichaaf dhiyeessuu hafuu yookiin dhiyaachuu isaa
mirkaneessuu hafuu;

Tilahun Tiba 45
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.1.2 Yaadoota odiitii keessaa irraa kenname


irraatii tarkaanfii fudhachuudhan ibsootaa fi
madaalsiisa herrega (TB) sirreessuun
sadarkaa qulqullinaa fi sirna hojimaataa
fudhatama qabuun gabaasaan odiitii
qaqabee guyyoota 30 ykn guyyaa
murta’ee kenname keessatti Biiroo fi
Adeemsa hojii odiitii keessaaf dhiyeessuu
dhabuu, yookiin dhiyaachuu isaa mirkaneessuu
dhabuu;
Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.1. 3 Bu’uura yaadoota odiitii keessaa


irraa kennameen gabaasa
herregichaa sirreessuun gabaasa
waxabajjii fi gabaasa odiitii waggaa
waliigalaa sirra’e sadarkaa
qulqullinaa fi sirna hojimaataa
fudhatama qabuun qopheessuun
wagga itti aanu galee hanga
Hagayya 30 tti Biiroodhaaf
dhiyeessuu dhabuu, yookiin
dhiyaachuu issa mirkaneessuu
dhabuu; Tilahun Tiba 47
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.1.4 barri baajataa xumuramee guyyaa 90 keessatti sirna


hojimaata fi sadarkaa qulqullinaa fudhatama
qabuun herreega cufuun dhimma kanaaf kan qophaa’e
sirna kompiiteraa galmeessudhaan/ feuudhan hojii
odiitiif mana hojii oditera mumichatiif beeksiisuu dhabuu.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.1.5 gabaasa herrega dhiyaatu waliin


isteetimeentii baankii araarame gabaasa
madaalsiisa herreegaa boodaa fi seertifikeetii
lakkoofsaa maallaqa caallaa mana
hojiichaa walqabatee dhiyaachuu dhabuu.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.1.6 Mana Odiitara Mummichaan yookiin odiiteroota


alaa biroo kan Mana Odiitara Mummichantiin
moggaafaman ibsoota herregaa fi gabaasa herregaa
bu’uura yaada odiitii kennamen sirna
hojimaata fi sadarkaa qulqullinaa fudhatama
qabuun tarkanfii fudhachuudhf sagantaa
raawwii gabaasaan odiitii alaa gahee guyyoota 30
keessatti qophe’ssun Biiroo fi Adeemsaa
hojii odiitii keessaa mana hojichaaf dhiyeessuu dhabuu
yookiin dhiyaachuu isaa mirkaneessuu dhabuu;

Tilahun Tiba

50
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.1.7 Bu’uura yaadoota odiitaroota Mootummaa


Feederalaan irraa kennameen sirra’ee gabaasaan
odiitii qaqabee guyyoota 30 ykn guyyaa
murta’ee kenname keessatti Biiroo fi Adeemsa
hojii odiitii keessaaf dhiyeessuu
dhabuu, yookiin dhiyaachuu issa mirkaneessuu
dhabuu;

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.1.8 Kaffaltii dursaa hayyama


ittigaafatamaa ol aanaa mana
hojiicha malee guyyoota hojii torba
(7) keessaatii herreegni isaa bu'uu
dhabuu fi kaffaltii dursaa dura fudhatan
osoo ofirraa hin buusiin irraa
irraatii dadabalan kennuu
Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.1.9 wixineen qophii gabaasaa odiitii


xumuramee guyyoota hojii 5 keessatii
firii fi yaada argannoowwan odiitii irratti
qaama odiitii ta’ee fi itti gaafatamaa ol’aanaa
waliin marii ba’insa gochuuf sagantaa
qabuu dhabuu yookin sagantaa
qoha’uu irratii argamuu dhabuu.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.1.10 ragaalee odiitiidhaaf barbaachisan yeroo dhan


Odiiterootaf dhiyeessuu dhabuu ykn dhiyyeesuuf
eyyamamaa ta’uu dhabuu, ykn ragaalee
barbadaman argamuu dhabuu isaatiif wal-
amansiisa guyyoota shan (5) keessatii kennuu
dhabuu;

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.1.11 Oditarootaaf walamansiisa kennuuf eeyyamaa


ta’uu dhabuu;

10.1.12 Iftoominaa fi gafatamuummaa faayinaansii


ilaalchsee odeeffannoo baasii mootummaa fi raawwii
bittaa Motummaa yeroon, Sadarkaa qulqullinaa fi
sirnawwan hojimaataa diriireen hawasaaf ifa
gochuu (beeksiisuu) dhabuu

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

10.2 Tarkaanfiiwaan bulchiinsa


Biiroon:-
10.2.1 Qajeelfama kana akkataa lakkoofsa 10.1.1 ;
10.1.2; 10.1.3; 10.1.4, 10.1.5 fi 10.1.6 irratii
tarreeffaman mana hojiichatiin yeroo jalqabaaf
kan raawwatame yoo ta’e raawwatamee
guyyoota hojii 10 keessatti akka
dhiyaatu ; muudamaan mana hojichaas
dhiyaachuusaa akka mirkaneessuu,
akeekkachiisa yeroo jalqabaaf barreeffamaan ni
kennama.

Tilahun Tiba 56
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

Tilahun Tiba 57
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.2.3 Gabaasotni lakkoofsaa tarreeffama 10.2.2 yeroo


kennameef keessatti kan hin dhiyeessine
yoo ta’e dabalataan guyyaa hojii 10
kennuufiin kan hin raawwatamne yoo ta’e
muudamaas ta’e
ramadamaa tarkkanfii bulchiinsa kan
irratti fudhatamu ta’uu ibsamee
yeroo lammaffaa baalleessaa
raawwatameef akeekkachiisa barreeffamaa
akka gahu ni taasiisa.
taasiisa

Tilahun Tiba 58
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

Tilahun Tiba 59
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.2.5 lakkoofsaa tarreeffama 12.2.4 irraatii bu’uura


ibsaamen gabaasichi yeroo kennameef keessatti yoo
hin dhiyaatin hafee ammas dabalataan guyyaa
hojii 10 kennuuffi kan hin raawwatamne
yoo ta’e muudamaas ta’e ramadamaa
irraati tarkanffin dabalataa kan irratti
fudhatamu ta’uunssa ibsamee
yeroo sadaffaaf Balleessaa raawwatameef
akeekkachiisa barreeffamaa akka gahu ni taassismaa

Tilahun Tiba 60
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

Tilahun Tiba 61
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.3 Nama tarkaanfiiwwan Bulchiinsa irratti


fudhatamu
Qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama
10.2.2 ; 10.2.4 fi 10.2.6 tarkaanfiin kan
irratti fudhatamu mana hojichaa keessaatii
lakkoofsa tarreeffama 10.1 irratti hojiwwan
tarreeffaman kan oogganu Darikteera/Abbaa
Adeemsa buulchiinsa
faayinaansii,Darikteera/Abbaa adeemsa bittaa fi
bulchiinsaa qabeenyaa, qabaa mallaqaa fi kan
dhimiichii ilaalatu biroo fi muudamaa man hojii
irratti ta’a.

Tilahun Tiba 62
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

10.4 Haala tarkaanfiin bulchiinsa itti fudhatamu


Daarikteeraa Daayriktooreet /Abbaa Adeemsa
bulchiinsa Faaynaansii Biiroo/waajjira
qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama 10.1.1. fi
10.1.4 irratti balleessaawwan ibsaman yoo
raawwataman bu’uura lakkoofsa tarreeffama
10.2.1 hanga lakkoofsa10.2.6tii jiran qamnii
isaa ilaallatu fi qajeelfama kana kutaa sadii
tiin ittigaafatama irraa kaasuuf ibsa tarreefama
tarkaanfiiwwan bulchiinsaa akka irratti fudhatamu
yaada murtii Biirichaaf/ /waajiiricha ni
dhiheessa.
 

Tilahun Tiba 63
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

11. Odiitii keessaa Ilaallchsee tarkaanfiiwwan


Bulchiinsaa fudhataman
11.1 Balleessawwan
11.1.1 Karoora hojii odiitii keessa kan bara baajata itti
aanuu sirna hojimaata Karooraa fi sadarkaa
qulqullinaa fudhatama qabuu fi uwwisaa sirii ta’aan
qopha’ee hanga Waxabajii 20 tti
Biiroof/Hogganaa olaanaa mana hojichaatiif Koree
odiitii dhiyaachuu dhabuu, ykn dhiyaachuusaa
mirkaneeffachuu dhabuu.

Tilahun Tiba 64
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

11.1.2 Gabaasni odiitii faayinansii fi Qabeenyaa ji’atti


dhiyaachuu qabu jinni galee hanga guyyaa 30tti
sadarkaa qulqullinaa fudhatama qabuun
qopha’ee Biiroodhaaf/koree odiitiif /Waajjiraaf fi
oogganaa olaanaa mana hojichaatiif dhiyaachuu
dhabuu , ykn dhiyaachuusaa mirkaneeffachuu dhabuu.

Tilahun Tiba 65
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

11.1.3 Gabaasa odiitii Raawwii kurmaana kurmaanan


dhiyachuu qabu, kan kurmaana waggaa
jalqabaa hanga Onkoloolessa 30tti , kan
kurmaana 2ffaa hanga Amajjii 30tti kan kurmaana 3ffaa
hanga Ebila 30tti kan kurmaana 4ffaa bara
baajataa itti aanu hanga Hagayya 15tti sirna
hojimaataa fi sadarkaa qulqullinaa
fudhatama qabuun qopha’ee Biiroodhaaf/koree
odiitiif /Waajjiraaf fi oogganaa olaanaa mana
hojichaatiif dhiyaachuu dhabuu, ykn
dhiyaachuusaa mirkaneeffachuu dhabuu.

Tilahun Tiba 66
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

11.1.4 Gabaasa raawwii odiitii (activity Report) kan jalqaba


waggaa kurmaana hanga Onkoloolessa 30tti ,kan
kurmaana 2ffaa hanga Amajjii 30tti, kan kurmaana 3ffaa
hanga Ebila 30tti kan kurmaana 4ffaa bara baajataa itti
aanu hanga Hagaya 15tti gabaasa sirna hojimaata
sadarkaa qulqullinaa fudhatama qabuun qopha’ee
Biiroodhaaf/Waajjiraaf fi oogganaa olaanaa mana hojichaatiif
dhiyaachuu hafuu, ykn dhiyaachuusaa mirkaneeffachuu
hafuu.

Tilahun Tiba
67
QajeelfamaGaafatamummaa
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

11.1.5 bakka odiitii taa’u waliigala ( total auditable area)


keessaa Uwwisaa % 85 gadi raawwachuu

11.1. 6 karoora qabamee keessaa %90 gadi


raawwachuu

11.1.7 Iftoominaa fi gafatamuumaa faayinansii


ilaalchsee odeeffannoo argannoo odiitii yeroon,
Sadarkaa qulqullinaa fi sirnawwan hojimaataa
dirireen hawasaaf ifa gochuu (beeksiisuu)
dhabuu

Tilahun Tiba 68
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

11.1.8 Hojiin odiitii kutaa hojii odiitii keessaatiin


raawwaatame dhiyaate , odiitii alaatiin hojjatame yeroo
gabaafamu, garaagarummaa /dogoggora guddaa
qabachuu.
HB.Daayriktooreeti Inspeekshiin dogoggorawwan adda
baasuudhan serkulariidhan ni beeksiisa

Tilahun Tiba
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

11.1.9 dhuma bara baajataa irratti maallaqa callaa,


herrega rarra’aa fi walitti qabamaa baasii irraa
hafiin lakkaawame akkasumas lakkoofsa
meeshaa dhumataa hanga Adoolessa 30tti
gabaasa dhangala’aa sirna
si hojimaataa fi
sadarkaa qulqullinaa fudhatama qabuun qopha’ee
Biiroof/ waajjiraa fi oogganaa olaanaa mana
hojichaatiif dhiyaachuu dhabuu ykn dhiyaachuu isaa
mirkaneeffachuu dhabuu;

Tilahun Tiba 70
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

11.2 Tarkaanfiiwwan bulchiinsaa fudhataman


Biiroon
11.2.1 Qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama 11.1.1
hanga 11.1.9tti tarkaanfiiwwan bulchiinsa
tarreeffaman manni hojii mootumma
balleessaa yeroo jalqabaaf kan raawwate yoo ta’e
guyyoota hojii 10 keessatti akka dhiheessu;
muudamaan mana hojichaas
dhiyaachuusaa akka mirkaneessuu,
akeekkachiisa yeroo jalqabaa barreeffamaan
Daayreektaraa/ Abbaa Adeemsa odiitii keessaa fi
mana hojichaaf ni kenna. Tiba
Tilahun 71
Qajeelfama Itti Gaafatamummaa…….

Tilahun Tiba 72
Qajeelfama Gaafatamummaa…….
Qajeelfama Gaafatamummaa

11.2. 3 dhimmoota lakkoofsaa 11.2.2 irratti


tarreeffamaan yeroo ibsame keessatti
osoo hin dhiyaatin yoo
haafe,dabalataan guyyaa hojii 5 kennuun
ammas kan hin raawwatamne yoo ta’e
garuu muudamaas ta’e ramadamaa
adabbii dabalataa akka itti muramu
ibsamee yeroo lammaffaaf baalleessaa
raawwatameef akeekkachiisa
barreeffamaan mana hojichaa fi
daayrikteera/abba adeemsa odiitii keessaa
akka gahu ni taassisa.

Tilahun Tiba 73
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

11.2.4 lakkoofsa arman ol tartiiba tarreeffama


11.2.3 irratti ibsame yeroo kennameef keessatti
yoo hin dhiyaanne haafe balleessaa yeroo
lammaffaa raawwatameef tarkaanfiin Bulchiinsa
mallaqan:
a)Nama ramadame irrati Qr. 5,000.00
b)Muudamaa irratti Qr. 6,000.00 akka fudhatamu
ta’ee ,dhimoota raawwatamu qaban guyyoota
hojii 5 keessatti dhiyaachuu akka qaban
Daayrikteera/abba adeemsa odiitii keessaa fi mana
hojichaaf ni beeksisa.

Tilahun Tiba 74
Qajeelfama Gaafatamummaa…….
…Qajeelfama Gaafatamummaa
11.2.5 raawwii lakkoofsa tarreeffama 12.2.4
yeroo ibsame keessatti yoo hin dhiyaanne ammas
dabalataan guyyaa hojii 5 kennuuffin yeroo
kennamef keessatii yoo hin raawwatamiin
haafe muudamaas ta’e
ramadamaa tarkanfiin bulchiinsa dabalataa
kan irraatti fudhatamu ta’uu isaa
ibsamee yeroo sadaffaaf akeekkachiisa
barreeffamaa akka gahu ni taassisa.

Tilahun Tiba 75
Qajeelfama Gaafatamummaa…….
Qajeelfama Gaafatamummaa

Tilahun Tiba 76
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

11.3 Nama tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa itti fudhatamu


Qajeelfama kana tarreeffama lakkoofsa 11.2.1
hanga 11.2.6 tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa kan
irratti fudhatamu Daareektara/Abbaa adeemsa odiitii
keessaa. * Muudama fi kuta odiitii keesaa

Tilahun Tiba 77
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

11.4 Haala tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa itti


fudhataman:
Daareektora Daayriktooreeti Inspeekshiin
qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama
11.1.1.hanga11.1.7 tiin baleesaawwan
ibsaman yoo raawwataman lakkoofsa
tarreeffama tartiiba 11.2.1 hanga
11.2.6 kan dhimmichi ilaallatuu fi qajeelfama
kana kutaa sadiitiin ittigaafatama irraa
kaasuuf ibsame tarreefama tarkaanfiiwwan
bulchiinsaa akka fudhatamu yaada murtii
Biiroodhaaf ni dhiyeessa.

Tilahun Tiba 78
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

12. Argannoowwan Odiitii Sirreessuu dhabuun


tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa fudhataman
12.1 Balleessawwan
12.1.1 argannoon odiitii keessaa guyyoota 3 keessatti
murtii argatchuu dhabuu, murtichi guyyaa
hojii 30 keessatti hojii irra oolchuu dhabuu fi
gabaasaa sadarkaa qulqullinaa fudhatama qabuu fi
sirnoota hojimaatatiin qopheessee Biiroo fi
oogganaa olaanaa mana hojichaatiif dhiyaachuu
dhabuu yookiin dhiyaachuusaa mirkaneeffachuu
dhabuu .

Tilahun Tiba 79
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

12.1.2 Bu’uuruma sagantaa raawwii (action


plan) kennameen keessatti argannoo
odiitii alaa sirreessuudhaan gabaasa
raawwii sadarkaa qulqullinaa
fudhatama qabuu fi sirnoota
hojimaatatiin qopheessee mana hojii
odiitara muumichaf dhiyaachuu dhabuu
yookiin dhiyaachuusaa mirkaneeffachuu
dhabuu.

Tilahun Tiba 80
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

12.2 Tarkaanfiiwwan bulchiinsaa fudhataman


Biiroon
12.2.1 balleessan mana hojii mootumma yeroo jalqabaaf
raawwatame sirreeffama gabaasichaa guyyoota
hojii 10 keessatti akka dhiyeessan ta’e, muudamaan
mana hojichaas dhiyaachuusaa mirkaneeffachuun akka
irraa eegamu yeroo jalqabaaf xalayaa akeekkachiisa mana
hojichaaf ni darbaa.

Tilahun Tiba 81
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

12.2.2 lakkoofsa tarreeffama 12.2.1 yeroo


ibsame keessatti yoo hin dhiyeesine yookiin
yoo hin sirreessine yookiin dhiyaachuusaa
yookiin sirrachuusaa yoo hin mirkaneeffanne
yeroo jalqabaaf balleessaa raawwatameef
mallaqaan :-
a) Nama ramadame irrati Qr. 8,000.00
b) Muudamaa irratti Qr. 9,000.00
fudhatamee ; guyyoota hojii 10 keessatti
gabaasa sirreeffamaa akka dhiyeessan
xalayaadhaan mana hojichaaf ni ibsamaa.

Tilahun Tiba 82
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

12.2.3 Qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama 12.2.2tiin


yeroo murtaahe keessatti kan hin dhiyaanne yoo ta’e
ammas dabalataan guyyoota hojii 5 kennuufiin guyya
kennameef kana keessaatti kan hin raawwatamne yoo
ta’e, muudamaas ta’e ramadamaa tarkanfiin
dabalataa akka itti fudhatamu ibsamee yeroo
lammaffaaf balleessaa raawwatameef
akeekkachiisa barreeffamaa akka gahu ni
taassisama.
taassisama

Tilahun Tiba 83
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

12.2.4 Bu’uuruma lakkoofsa tarreeffama 12.2.3


irratti ibsameen gabaasi barbaadamu kan hin
dhiyaanne yoo ta’e yeroo lammaffaaf balleessaa
raawwatameef:-
raawwatameef:
a) Nama ramadame irrati Qr. 5,000.00
b) Muudamaa irratti Qr. 6,000.00 tarkaanfii
dabalataa itti fudhatamee raawwiichi
guyyoota hojii 5 keessatti akka dhiyaatu
akka taassifamu mana hojichaatiif xalayaan
ni ibsama.

Tilahun Tiba 84
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

12.2.5 Gabaasichi lakkoofsaa tarreeffama 12.2.4 yeroo


ibsame keessatti yoo hin dhiyaanne ammas dabalataan
guyyaa hojii 5 kennuufiin yoo yeroo dabalatan kenname
kana keessaatii kan hin raawwatamne yoo ta’e ,
muudamaas ta’e ramadamaa adabbii dabalataa akka itti
fudhatamu ibsamee yeroo sadaffaaf balleessaa
raawwatameef akeekkachiisa barreeffamaa akka gahu
ni taassiisama.

Tilahun Tiba 85
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

12.2. 6 Bu’uuruma Tarreeffama lakkoofsa 12.2.5 irratti


ibsameen gabaasi barbaadamu kan hin dhihaanne yoo
ta’e yeroo sadaffaa balleessaa raawwatameef:-
raawwatameef
a) Nama ramadame irrati Qr. 5,000.00
b) Muudamaa irratti Qr. 6,000.00 tarkanfiin
dabalataa itti kennamee raawwichi guyyoota hojii
5 keessatti akka dhiyaatu akka taassifamu mana
hojichaatiif xalayaan ni ibsama.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

12.3 Nama tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa itti


fudhatamu
Qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama
12.2.2fi12.2.6 irratti ibsaman tarkaanfiin
bulchiinsaa kan itti fudhatamu
Daraktooreetii /Abba Adeemsa Bulchiinsaa
Fayinaansii fi muudamaa man hojii irratti
ta’a.
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

12.4 Haala tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa itti fudhatamu


Daarikteeraa Daariktooreet Inispeekshiinii fi
Bulchiinsa Faaynaansii Naannoo waliin
qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama
12.1.1. fi 12.1.2 tiin baleessawwan ibsaman yoo
raawwataman akkaataa dhimmichaa
tarreeffama lakkoofsa 12.2.1 hanga
lakkoofsa 12.2.6 kan ilaallatu fi
qajeelfama kana kutaa sadii tiin
ittigaafatama irraa kaasuuf ibsa
tarreefama tarkaanfiiwwan bulchiinsaa akka
fudhatamu yaada murtii Biiroof ni dhiyeessa.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

13 . Odiiteroota alaatiin odiitii ta’ee, herregaa


Fudhatama hin qabne yoo qunamame
tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa fudhataman
13.1 balleessawwan
Herregin Odiiteroota alaatiin odiitii ta’ee,”Yaada itti
kennuu kan hin dandeessisne” yookiin
”Herregichi rakkoo guddaa kan qabu ta’ee yaada
fudhatama dhabsiisu” yoo kennisiise,

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

13.2 Tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa


Biiroon
13.2.1 Argannichi yeroo duraaf waggaa jalqabarrati kan
raawwatame yoo ta’e;
a) Nama ramadame irrati Qr. 9,000.00
b) Muudamaa irratti Qr. 10,000.00 tarkaanfiin
bulchiinsaa kan fudhatamu ta’ee, argannoon kun waggaa
dhufutti akka itti hin fufnee of’eeggannoon taassifamuu
akka qabu ibsuun of’eeggannoo cimaa waliin mana hojichaaf
ni ibsama.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

13.2.2 Argannoon kun waggaa lammaffaas yoo quname,


balleessa raawwatameef;
a) Nama ramadame irrati Qr. 5,000.00
b) Muudamaa irratti Qr. 6,000.00 tarkaanfiin
bulchiinsaa dabalataan kan itti fudhatamu
ta’ee, argannoon kun akka sireefammu
gochuu akka qaban irra deebiin akeekkachiisa
cimaa mana hojichaatiif ni barreeffama.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

13.2.3 Argannoon kun waggaa sadaffaaf yoo quname


balleessaa raawwatameef;
raawwatameef

a) Nama ramadame irrati Qr. 5,000.00


b) Muudamaa irratti Qr. 6,000.00 tarkaanfiin
bulchiinsaa dabalataa kan itti fudhatamu
ta’uusaa fi ammas argannoon kan irratti tarkanfiin
sireefama fudhachuu akka qaban irra deebiin
akeekkachiisa cimaa mana hojichaatiif ni
barreeffama

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

13.3 Nama tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa itti


fudhatamu
Qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama
13.2.1hang 13.2.3 tarkaanfiiwwan
Bulchiinsaa tarreeffaman kan itti
fudhatamu Daarikteera yookan
Abba Adeemsa hojii bulchiinsa
faayinaansii fi muudamaa man
hojiicha irratti ta’a.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

13.4 Haala tarkanffiin Bulchiinsaa itti


fudhatamu
Daarikteeraa Daariktooreet Inispeekshiinii fi
Bulchiinsa Faaynaansii Naannoo waliin
qajeelfama kana lakkoofsa tarreeffama 13.1.1. tiin
irratti baleessaawwan ibsaman yoo
raawwataman akkaataa dhimmichaa tarreeffama
lakkoofsa 13.2.1 hanga lakkoofsa 13.2.3 kan
ilaallatu fi qajeelfama kana kutaa sadii tiin
ittigaafatama irraa kaasuuf ibsa tarreefama
tarkaanfiiwwan bulchiinsaa akka fudhatamu yaada
murtii Biiroof ni dhiyeessa.
Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

14. Daayrektooreetonni Biiroo / Abban


adeemsaa hojii godinalee gabaasaa fi yaada murtoo
Dhiheessuu dhabuu
14.1 Balleessawwan
Daarikteerotiin biiroo/ abban
Adeemsaa hojii godinalee bu’uura
qajeelfama kanaa irratti ibsameen
Itti gaafatamummaa isaanii ba’uu
dhabuu

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

14.2 Tarkaanfiiwwan bulchiinsa


Bu’uura qajeelfama kanaatiin balleessaan
raawwatamuu gabaasa ibs yaada murtoo
u fi dhiyeessuu kan qabu daayrekteerichi
yeroodhaan kan hin dhiyeessine yoo ta’e
Qr.5,000.00 hanga 10,000.00 gahu
tarkafiiwwan bulchiinsaa ni fudhatama.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

Kutaa Sadii
15. Itti Gaafatamummaa irraa kaasuu
15.1 Mana hojii mootummaa kamiyyuu keessaatii namni
muudame yookiin kan ramadame labsii bulchiinsa
faayinaansii mootummaa Naannoo Oromiyaa ;
labsiichaa hojii irraa oolchuudhaf Dambii fi
qajeelfamoota oolchuuf ba’an itti gaafatamumma
seeraan kennameef kan hin ba’ nee ta’ee, yeroo sadii (3)
ol tarkanffi bulchiinsaa yoo irratti fudhatame
qajeelfama kanan itti- gaafatamummaa isaa irraa
akka ka’uu tasiisuun ni danda’ama.

Tilahun Tiba 97
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

15.2 Namni mana hojii Mootummaa keessatti muudame


kamiyyuu bu’uura qajeelfama kana,kutaa
lamaa tiin baleesawwan tokkoon tokkoon yookiin
balleessawwan adda bahan yeroo adda addaa
tarkaanfiin fudhatame tarkanfii maallaqaa
yeroo sadii (3) ol yoo ta’e ji’a tokko keessatti itti-
gaafatamummaa irraa akka ka’u Hoogganaan
Biiroo, Pireezidantii Bulchiinsa Mootummaa
Naannichaatiif gaaffii ni dhiyeessa.
Garagalchaanis Waajjira Caffee ni beeksisa

Tilahun Tiba 98
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

15.3 Namni mana hojii mootummaa sadarka Godinaa fi


magaaloota , Aanalee jiran keessaatti
muudame bu’uura qajeelfamaa kanaan
baleesawwan tokkoon tokkoon yookiin
balleessawwan adda bahan yeroo adda addaa
tarkaanfiin fudhatame tarkanfii maallaqaa
yeroo sadii ol yoo ta’e ji’a tokko keessatti itti-
gaafatamummaa irraa akka ka’u ,
Ittigaafataman Waajjira Maallaqaa fi Walta’iinsa
Dinaagdee Godinaa, Bulchaa Godinichaaf/
Aanaaf gaaffii ni dhiyeessa. Garagalchaanis
Biiroof ni beeksisa

Tilahun Tiba 99
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

15.4 Mana hojii mootummaa kamiyyuu keessatti


namni ramadame bu’uura qajeelffama
kanaan balleessaa tokkoo tokkoon addatti
yookiin balleessaa tokkoon yookiin balleessaa
tokkoon ol yeroo adda addaatti
raawwachuun tarkanfii maallaqaan
rawwaatame ida’amaani isaa yeroo sadii (3)
ol yoo ta’e, Hogganaan Biiroo yookiin
Ittigaafatamaan Waajjira Maallaqaa fi
Walta’iinsa Diinagdee
Tilahun Tiba 100
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

a) Namni ramadame itti gaafatamaa kutaa hojii


odiitii keessaa yoo ta’e, ji’a tokko keessatti itti-
gaafatamummaa irraa akka ka’uuf Biiroo Paablik
Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa
tiif gaaffii ni dhiyeessa.
b) Namni ramadame itti gaafatamaa kutaa hojii
biraa yoo ta’e, manni hojiicha ji’a tokko
keessaatti itti-gaafatamummaa irraa akka ka’uuf
Biiroo Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa Oromiyaatiif gaaffii ni dhiyeessa.
Garagalchaanis Biiroof ni beeksisa

Tilahun Tiba 101


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

15.5 Tarreeffama armaan olii lakkoofsa 15.4


bu’uuruma ibsameen namni itti
gaafatamummaa irraa ka’e mana hojii
mootummaa kamiyyuu keessatti itti
gaafatamummaadhaan deebi’ee akka hin hojjenne
Biiroo pablik sarvisii fi misooma humna namaa
Oromiyaa sarkulaara ni dabarsa.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

Kutaa Afur
Raawwii tarkaffiwwan Bulchiinsa
16. Tarkaanfii Bulchiinsaa Mana Hojii Beeksisuu
16.1 Daarektooreetii Inspeekshiini / adeemsii
hojii odiitii keessaa yaadoota murtii
tarkaanfiiwwan bulchiinsaa bu’uura qajeelfama
kana keessatti ibsamaniin yemmuu
dhiyaatan murtiiwwaan Oogganaa
biiroo/waajjiraa irraa kennamuu irrattii
hunda’uudhan mana hojii dhimmii ilaalatuuf
xalayaa ni qopheessaa.

Tilahun Tiba 103


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

16.2 Tarkaffiwwan bulchiinsaa fudhatamu


kamiyyuu kallattiin mana hojii baleessaa
raawwateef yamuu beeksiisamu garagalchaan
Daarektooreetii Inspeekshiini Biiroo fi
Daarektooreetii tarkaanfiin akka fudhatamu
yaada murtii dhiyeesseef akkasumas, kutaa
hojii odiitii keessaa manneen hojii mootummaa
dhimmichi ilaallatu akka gahu ni taasisa.

Tilahun Tiba 104


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

16.3 Bu’uura qajeelffama kanaan Daarektooreetii


Inspeekshiini / adeemsii hojii odiitii keessaa ragaa
tarkaanfiiwwan bulchiinsaa fudhataman manneen
hojiin adda baasuun ni qabata; akkuma
barbaachisummaa isaatti ragaan yemmuu gaafatamu
ni dhiyeessa.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

Kutaa Shan
Tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa irratti komiwwan Dhihaatan
17. Komiiwwan Keessummeessu
Namni tarkanfiin bulchiinsaa irratti fudhatame
komii isaa bu’uura labsii hojjattoota mootummaa
Naannichaatiin qaama dhimmicha ilaaluuf aangoo
qabuuf dhiyeeffachuu ni danda’a.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

17.1 Biiroon/waajjirri tarkaanfii bulchiinsaa


maallaqaa fi tarkaanfii itti gaafatamummaa
irraa kaasuu kenname mana hojii dhimmi
ilaallatu eega beeksisani booda komiin yoo
dhiyaate dhimmicha qoratanii yaada murtii
kan dhiyeessu koree komii dhaggeeffatu ni
hundeessa.

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

Sadarkaa Naannootti Koreen miseensota armaan gadii


qabaata.
1. Biiroo Haqaa --------------------------------- Walitti qabaa
2. Mana hojii oditara Muumlcaa-------------------- miseensa
3. BMWDO irraa Daayrektara DaayrektoorettiTajaajila seeraa----
miseensa
4. BMWDOirraa Daayrektara Daayrektooretti Inispeekshiinii -
barreessa

Tilahun Tiba
Qajeelfama Gaafatamummaa…….

Sadarkaa Godinatti Koreen miseensota armaan gadii


qabaata.
1. Waajjrra Haqaa Godina ----------------- Walitti qabaa
2. Wajiira Pooliisii Godina ......------------------- miseensa
3. WMWDG irraa DaayrektaraDaayrektoorettiTajaajila
seeraa---- miseensa
4. WMWDGirraa Abba Adeemsa hojii odiitii
keessaa................ barreessa ta’a.

Tilahun Tiba 109


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

17.2 Koreen tarkaanfiiwwan bulchiinsaa irratti


komii ka’e qoratee guyyoota kudhan (10) keessatii
yaada murtii isaa Waajjira preziidantiif/
Waajiira Bulchiinsa Godinaatiif dabarsuudhan
biiroo fi mana hojii mootummaa dhimmi
ilaallatuuf galagalchan ni beeksiisa.

Tilahun Tiba 110


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

17.3 Koreen komii dhiyaateef yommuu qoratu


dhimma komiin irratti dhiyaate miseensa
koree keessaa kan isaa ilaallatu yoo jirate
koree keessa ka’ee akka ibsaa kennattii
dhiyaachuu qaba.

Tilahun Tiba 111


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

Kutaa Jaha
Akkataa Adabbiin Maallaqaa galii itti ta’u
18. Galii Maallaqa tarkanfii bulchiinsaa fi Akkataa
Galmeeffamasaa
18.1 Muudamaan mana hojii fi
Daarikteerri/Abbaan Adeemsa Bulchiinsa
Faayinaansii tarkaanfiin bulchiinsa fudhatame
bu’uureefachudhan maallaqihci yeroondhan
galii ta’uu isaa hordofuu fi raawwachiisuuf
ittgaafatamummaa qabu.

Tilahun Tiba 112


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

18.2 Daareektara Daareektooreet Bulchiinsa


Faaynaansii Naannoo/Abba Adeemsaa
bulchiinsa fayinansii godina nama muudame
irratti tarkanfiin maallaqaa fudhatame
mindaa irraa muree galii gochuuf
gaafatamummaa qaba.

Tilahun Tiba 113


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

18.3 Namni tarkanfiin maallaqaa itti fudhatame,


muudamaa yookiin namni ramadame
lakkoofsa baankii maqaa mana
hojichaatiin baname irratti galii goochuu ykn
maallaqaa qabaatii kaffaluu ykn
mindaa ji’aa irraa hir’isuun galii gochuudan
ta’a.

Tilahun Tiba 114


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

18.4 Tarkanfiin maallaqaa muudamaa yookiin


ramadamaa irratti fudhatamu mindaa ji’aa irraa yoo
ta’e, mindaa ji’aan argatu irraa harka tokko
sadaffaa (1/3) caaluu hin qabu; ta’us namni
adabamaan fedhii isaatiin maallaqa kanaa ol
ta’e mindaa isaa irraa ji’a ji’aan yookiin
altokottuu kennuu ni danda’a.

Tilahun Tiba 115


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

18.5 Tarkanfiin maallaqaaan fudhatame kun


gulantaa herrega siirrii ta’een galmaa’ee
nagaheen galii itti cituufii qaba.
qaba

Tilahun Tiba 116


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

Kutaa Torba
19. Hordoffii Tarkanfwwan Bulchiinsaa.

19.1 Itti gaafatamaan odiitii keessaa hojii irraa oolmaa


tarkanfwwan fudhatama
hordofuudhaan gabaasa kurmanaa
Daariktooreetii Inispeekshiiniif/ Wajjira godinaaf ni
dabarsa.

Tilahun Tiba 117


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

19.2 Daariktooreetiin Inispeekshiinii bu’aa


raawwii qindeessuun Biiroodhaf ni gabaasa.

Tilahun Tiba 118


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

20. Moggasuu
Nama ramadame yookiin muudamaan
bu’uura qajeelfama kanaatiin eega
adabamee booda adabbichi galmaa’ee
turuu fi ibsamuu kan danda’u:-
danda’u

Tilahun Tiba 119


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

20.1 Of-eeggannaa barreeffamaa yoo ta’e


guyyaa of-eeggannichi
kenname irraa kaasee kan
lakkaa’amu waaggaa tokkof
ta’a.

20.2 Tarkanfii maallaqaa yoo ta’e guyyaa


of-eeggannichi kenname irraa
kaasee kan lakkaa’amu waaggaa sadiif
ta’a.
ta’a

Tilahun Tiba 120


Qajeelfama Gaafatamummaa…….

21. Yeroo Qajeelfamni kun hojii irra itti oolu


Qajeelfamni kun ----/2012 irraa eegalee
kan raawwatamu ta’a
Finfinnee,Bitooteessa _____/2012

Tolasaa Gadafaa
Oogganaa Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa
Dinagdee Oromiyaa

121
Xumurameera

122

You might also like