Professional Documents
Culture Documents
1. Seensa
Biyya keenya keessatti yeroon amma keessa jirru yeroo humni nama baratee dhaabbilee
Barnoota Olaanoo irraa eebbifamuun baay’inaan oomishamaa jiranidha. Humni nama baratee
kun ammoo, carraa hojii bal’inaan argachuudhaan jiruuf jireenya isaa fooyyeffachuu bira darbee
guddina dinagdee biyyaa utubuutu isarraa eegama. Haata’umalee, dargaggootni hedduun
ogummaa qabaniin hojii uummachuun of jijjiiranii dinagdee biyyaa jijjirurra miindeffamanii
hojjechuu akka filannoo dursaatti ilaaluun bal’inaan ni mul’ata. Kanaafuu, ilaalcha
dargaggootaa hojii eeggachuurraa gara ogummaa gonfataniin hojii uummachuutti jijjiiruun
dhaloota aadaa hojii gonfate uumuun barbaachisaadha.
Barreeffamni kunis, hojii uummachuun maal akka ta’e, dhaloota hojii uummachuu danda’u
uumuurratti muuxannoon biyyoota kaanii maal akka fakkaatu, tooftaalee ittiin dhaloota hojii
uummatu uumuun danda’amu, dhaloota hojii uummatu uumuuf akka Mootummaa Naannoo
Oromiyaatti hojiileen hanga ammaatti raawwataman maalfaa akka ta’aniifi gara fuulduraattis
dhimmoota akkamiirratti xiyyeeffatamuu akka qabu kan haammatedha.
Maalummaa hojii uummachuu ilaalchisee yaada adda addaatu kaa’a. Hayyoonni damee dinagdee
hiika interpiriinerummaa ilaalchisee qaaccessa hedduu kan kennan yoo ta’u, akka waliigalaatti
hunduu interpiriinerummaa gocha sochii hawaasummaafi dinagdee kan ilaalchifi yaanni
interpirinerichaa bakka guddaa qabatee jijjiirama dinagdee dhuunfaas ta’e biyyaarratti fidu ta’uu
irratti waliigalu. Dhaabbanni Idil addunyaa ‘Global Entrepreneurship Monitor (GEM) akka
jedhuttis hojii uummachuun ykn interpiriinerummaan galii maddisiisuufi oomishaalee irratti sona
dabaluun duudhaa hawaasa tokkoo ol kaasuufi lammii hojii uummatu qabaachuun biyya ijaaruu
keessatti dhimma murteessadha.
Hawaasni akka hawaasaatti rakkoo dinagdee keessaa ba’ee hojii uummachuuf ilaalchiifi yaanni
inni hojii uummachuu irratti qabu murteessadha. Kanamalees, hawaasni ilaalchaafi yaada hojii
uummachuu qabu badhaadhina maatii mirkaneessuu bira darbee badhaadhina biyyaa
mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa kan taphatu ta’a.
Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaas ergama barnootaafi leenjii ga’umsaafi
qulqullina qabu kennuun hawaasa ogummaa gonfateen hojii uummmachuu danda’u uumuudhaaf
xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Kanamalees, dhaloota hojii eeggatu osoo hintaanee dhaloota
ogummaa gonfateen carraa hojii uummachuudhaan hojjatee of jijjiiruudhaan, ijaarsa biyyaa
keessatti ga’ee isaa ba’achuun badhaadhina sadarkaa maatiifi biyyaatti mirkaneessuu danda’u
horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Ogummaa gonfatanii hojii uummachuun bu’aa hedduu qaba. Isaan keessaa muraasa akka armaan
gadiitti ilaaluun ni danda’ama.
Hojii barbaaddoonni ogummaa gonfataniin carraa hojii itti fufiinsa qabu uummachuun hojii
dhabdummaafi hiyyummaa xiqqeessuu keessatti gumaacha guddaa qaba. Hojii uummachuun
galiin lammiilee kan guyyaa akka dabalu gochuudhaan tasgabbii siyaasdinagdee biyya tokkoo
keessattis hiika guddaa ni qabaata. Kana malees, ilaalcha interpiriinerummaa cimsuufi
jajjabeessuun dhaloota hojii uummachuu bira darbee namoota biroof carraa hojii uumuu danda’u
horachuuf murteessaadha.
Kanaafuu, lammiileen hojii akka uummatan taasisuun hojii dhabdummaa xiqqeessuu bira darbee
hiyyummaa hir’isuufi guddina dinagdee biyyaa mirkaneessuu keessatti ga’ee guddaa ni qabaata.
Hojii uummachuun galiin biyya tokkoo akka guddatu gochuu keessattis shoora olaanaa taphata.
Namoonni hojii uummatanii hojiitti yommuu galan hojii hojjetan irraa gibira kaffaluun galiin
biyyaa akka guddatu taasisuu keessatti ga’ee guddaa ni qabaatu. Kunis, kallattii lamaan
ilaalamuu danda’a. Gama tokkoon oomishaalee alaa galan biyya keessatti bakka buusuu yemmuu
ta’u, gama biraan alergii dabaluun sharafa biyya alaa argamsiisuun galii biyyaa guddisuu
keessatti ga’een hojii uummachuu guddaadha. Haala kanaan galiin nama dhuunfaa dabale
jechuun, galiin biyyaa dabaluu waliin hariiroo kallattii qabaachuu kan namatti agarsiisudha.
Dhaloota hojii uummachuu danda’u uumuu irratti biyyootni adda addaa muuxannoowwan
garaagaraa qabu. Muuxannoo biyyoota ariitiin guddachaa jiranii keessaa kan akka Indiyaa hojiin
isaan dhaabbilee leenjii keessatti qorqalbii lammiilee ijaaruu irratti hojjetan guddina har’a irra
ga’aniif gummaacha olaanaa taasisee jira. Biyyi Indiyaa warraaqsa eebbifamtoonni dhaabbilee
leenjii ittiin hojii jalqaban labsuun, eebbifamtoonni ilaalcha hojii barbaaduurraa gara hojii
uummachuutti akka dhufaniif hojii guddaa raawwatan akka muuxannootti ilaaluun
barbaachisaadha.
Gama biyya keenyaatti yoodhufnu, sirni barnootaa seenaafi yaadiddama barsiisurra darbee
barattoonni ogummaa horataniin rakkoo akka furaniifi hojii akka uummatan kan isaan
dandeessisu miti.
Yaada kana ilaalchisuun Dr.Abiy Ahimed 2012: 235-237, kitaaba matadureen isaa ‘Ida’amuu’
jedhu keessatti waa’ee sirna barnootaa biyya keenyaa ilaalchisee dhimmoota armaan gadii kaasu.
….Rakkoo qulqullina barnootaa irraa kan ka’e itti fufiinsa humna namaafi dandeetti
hojii uumuu isaanii rakkoo guddaan mudateera. Kana irraa kan ka’e
barbaachisummaan isaa kan gadi bu’eefi ogummaa isaatinis hojii uumuu kan hin
dandeenye taasiseera. Kunis dargaggoota baratan hojii dhabdummaa hamaadhaaf
isaan saaxileera”.
Dhaloonni ogummaa gabaan barbaadu gonfatee gabaa hojii keessatti dorgomaa akka ta’u
gochuuf dhaabbileen barnootaa keenya barnoota qalamaan cinatti ogummaa gonfachiisuu irratti
fuulleffachuun barbaachisaa ta’a. Kanaafuu, ilaalcha hojii barbaaduu irraa gara hojii
uummachuutti tarkaanfachuuf dhaabbileen leenjiistootaa mootummas ta’e dhuunfaa qorqalbii
dargaggootaa daandii intarpiriinerummaa akka qabatuufi lammiileen yoo xiqqaate ogummaa
tokko akka qabaatan taasisuun dhimma yeroon gaafatudha.
Leenjii bu’aarratti xiyyeeffateen dagaagina ogummaa cimsuu yommuu jennu leenjiin kennamu
fedhii gabaa giddugaleessa kan godhate ta’uufi fedhiin gabaa jiru sun erga adda ba’een booda
sana irratti ogummaa fedhii gabaa sana ittiin guuttuun danda’amu akka horatan gochuudha.
Haala kanaan leenjiin kennamu ogummaa bu’aarratti xiyyeeffate ta’a. Akkasumas, sagantaaleen
leenjii BLTO fedhii industirii irratti hundaa’uun akka adda ba’an kan taasisudha. Leenjiin bu’aa
irratti xiyyeeffate yeroon kan daangeffamu osoo hintaane, ga’umsa barbaadamu irratti kan
xiyyeeffateefi garaagarummaa dhaabbilee leenjiifi fedhii gabaa gidduu jiru kan xiqqeessudha.
Kanamalees, leenjiin bu’aa irratti xiyyeeffate beekumsaafi dandeettii mana leenjiitiin ala
argameef beekamtii kan kennudha. Akkasumas, ogeessi ga’umsi isaa mirkanaa’e gabaa hojii
addunyaa keessatti beekamtii akka argatu kan taasisuufi leenjiin BLTO dhaabbilee barnoota
olaanoofi barnoota waliigalaan kennamu waliin walqixa beekamtii akka argatu kan taasisudha.
Kanaafuu, carraan hojii lammiileef uumamu itti fufinsa akka qabaatuufi bu’aa qabeessa akka
ta’uuf, qorqalbii dhalootaa ogummaa gonfachiisuun akka ijaaramu gochuu keessatti dhaabbileen
BLTO leenjii bu’aarratti xiyyeeffate hojiirra oolchuun humna namaa leenji’ee ga’umsi isaa
mirkanaa’e horachuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha.
Hawaasa ogummaa gonfatee carraa hojii uummachuu danda’u horachuuf walitti hidhaminsa
dhaabbilee leenjiifi industiriiwwanii cimsuun barbaachisaadha. Leenjiin kennamu bu’aa
qabeessa akka ta’uuf industiriin deeggarsa kallattii sadarkaa ogummaafi sirna leenjii qopheessuu
irraa eegalee hanga leenjifamtoonni leenjii isaanii xumuranii gara hojiitti galaniitti deeggarsa
taasisaa deemuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha. Kanamalees, industiriin damee isaatiin
hanga carraan hojii irratti uumamuu danda’u adda baasuun hojii barbaaddattoonni akka irratti
gurmaa’an taasisuufi bakki oomishaafi gurgurtaa akka mijatuuf taasisuun murteessadha.
Hawaasa aadaa hojii uummachuun hin dagaagfanne keessatti sodaa guddaan dargaggoota carraa
hojii uummachuu yaalanii deeggarsa murteessoo hojii uummachuu keessatti barbaachisan
argachuudha. Sodaa hojii uummachuu keessatti dargaggootni qaban maksuun hojii uummachuuf
haamileefi abdii akka horatan taasisuuf paakejjiiwwan deeggarsaa onnachiisoo ta’an kanneen
akka: dhiyeessii iddoo oomishaa, dhiyeessii iddoo gurgurtaa, walitti hidhaminsa gabaa,
dhiyeessii faayinaansii ka’umsa kaappitaalaafi leenjii hojiitti ittiin galuu danda’an mijeessufiin
murteessadha.
IV. Ilaalchaafi Aadaa Hojii Jijjiiruun
Akka biyya keenyaatti hojii uummachuu irra hojii barbaaduun bartee ta’eera. Sirnoota darban
keessa namni ogummaa barate ykn muuxannoo horateen hojii ogummaa adda addaa hojjetee
maallaqa argatuuf maqaa balleessiin adda addaa itti kennamuun hawaasa irraa qoollifatamaa
tureera. Kun immoo aadaa hojii keenya miidhee jira. Gochi kunis, ogummaan hawaasni keenya
qabaachaa ture akka dagatamuufi ilaalchi hojii tuffachuu akka dagaagu taasisee jira. Akkasumas,
namni ogummaa leenji’uurra barnoota qalamaa qofa baratee hojii mootummaa qofa akka
eeggatuuf balbala saaqeera. Kanaafuu, ilaalchaafi aadaa hojii irratti jiru jijjiirudhaan hojiin
kabajaafi bu’uura badhaadhinaa ta’uu irratti qorqalbii dhalootaa ijaaruun murteessadha. Kanaaf
immoo ga’een mootummaa, dhaabbilee amantaa, dhaabbilee mitimootummaa, maatiifi qooda
fudhattootaa murteessadha.
Dhaloota carraa hojii uummatu uumuu keessatti namoonni carraa hojii uummachuun milkaa’anii
kanneen biroof fakkeenya ta’uu danda’an jiraachuun murteessadha. Intarpiriinaroota yaada
biizinasii keessoo isaanii irraa madde qabatanii hojiitti galuuf qophii qaban deeggaruufi
jajjabeessuun hojiitti akka galan taasisuuf dirree dorgommii yaada biizinasii diriirsuun
murteessadha. Kanaanis, intarpiriinaroota yaada biizinasii isaaniin dorgomanii hojiitti galan akka
milkaa’aniifi kanneen biroofis muuxannoo akka ta’aniif deeggarsa walirraa hincinne taasisuun
bu’aa guddaa qaba.
Haata’u malee, rakkoolee hojii dhabdummaa akka naannoo keenyatti jiran waliin yoo ilaalamu
ammallee carraa hojii bal’inaan uumuu keessatti hojiin dhaloota hojii uummatu horachuu
dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaadudha. Kana milkeessuuf hojiilee gurguddoo hanga
ammaatti raawwataman akka armaan gadiitti ilaaluun ni danda’ama.
Mootummaan jijjiirama rakkoo hojii dhabdummaa biyyaafi naannoo keenya keessatti hudhaa
guddaafi rakkoo hawaas dinagdee ta’ee jiru furuuf imaammataafi tarsiimoo ifa ta’e bocuudhaan
hojiiwwan lakkaa’amuu danda’an hojjechaa tureera. Hojiilee hojjatamaniinis bu’aawwan
gurguddaan galmaa’aniiru. Keessattuu, carraa naannootti argaman fayyadamuun waggoottan
arfan darban keessa dinagdee naannoo keenyaa sochoosuun rakkoo hojii dhabdummaa hir’isuuf
hojii hojjatameen hojii dhabeeyyii gurmiifi qacarriidhaan carraan hojii dhaabbii namoota
4,120,085 ta’aniif uumamee kan jiru yoota’u, waldaan IMX 348,952 qaama seera
qabeessummaa fudhachuun gurmaa’anii jiru.
Adeemsa hojii uummachuu keessatti rakkooleen dargaggoota keenya quunnaman qorannoo gadi
fagoon adda baasuu kan barbaachisu ta’ullee, rakkoolee armaan gadii raawwii hojiilee hanga
ammaatti raawwanne keessatti adda baasuun danda’ameera.
• Hojii uummachurra qaxaramanii hojjechuu akka filannoo dursaatti ilaaluun bal’inaan kan
mul’atu ta’uu,
• Aadaa hojiifi ogummaa hawaasni qabaachaa ture tuffachuun kan jiru ta’uu,
• Dargaggoonni hojii akka uummatan taasisuun ga’ee mootummaa qofaa akka ta’eetti
ilaaluun jiraachuu,
• Ogummaa hojii keessa nama tursiisu qabaachuun hojiitti galuu dhabuun kan mul’atu
ta’uu,
• Dargaggootni akka hojiitti galaniif dhiyeessiin faayinaansii, iddoon oomishaa, iddoon
gurgurtaafi deeggarsi ogummaa taasifamu fedhii jiru duukaa walsimuu dhabuudha.
Rakkoolee hojii uummachuun walqabatee mul’atan kanneen maqsuuf wantoota armaan gadii
hojiitti hiikuun barbaachisadha.
9. Xumuura
Dhaloota hojii uummatu horachuuf ilaalcha jiru sirreessuu irraa kaasee hanga ogummaa
gonfachiisuun hojiitti galchuutti hojiileen hojjetamuu qaban sirnaan yoo hoogganaman bu’aa
barbaachisu galmeessuun akka danda’amu muuxannoon addunyaa ni agarsiisa.
Haala qabatamaa biyya keenyaatiin dhaloota hojii uummatu horachuuf hojiin sirna barnootaafi
leenjii keenyaa irratti jijjiirama bu’uuraa barnoota qalamaarraa gara barnoota ogummaatti
ceesisuu xiyyeeffannoo argachuu qaba. Kana gochuuf immoo, hojiilee aadaa hojii jijjiiruu,
qorqalbii biizinasii ijaaruu, fedhii hojii dargaggoota keessatti uumuu, adeemsa walxaxaafi
rakkoolee bulchiinsa gaarii hojii barbaaddota hojiitti galchuu keessatti mul’atan hiikaa deemuufi
intarpiriinaroota yaada biizinasii qaban deeggaruun hojii uummachuu bira darbanii kaaniif iyyuu
carraa hojii uumuu akka danda’an taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha.