Professional Documents
Culture Documents
Maanuwaalii Leenjii BSTD
Maanuwaalii Leenjii BSTD
Haalli dhiyeessi maanuwaalii kanaa boqonnaalee Afuriin kan qindaa’edha .Boqonnaan jalqabaa
yaad-rimeewwan ijoo barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa irratti ibsa gabaabaa kan kennu yoo
ta’u maalummaa, barbaachisummaa, seer-bu’uuraaleefi caasaa barnootaaa sadarkaan duraa of
keessatti hammata.
Boqonnaan itti aanu sagantaalee baruu barsiisuu barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa yoo ibsu
malleen baruu-barsiisuu daa’immanii bu’uura godhachuun akkaataa qabiyyeewwaniifi
gochaaleen baruu-barsiisuu itti dhiyaatan agarsiisudha.Boqonnaan kun handhura leenjii kanaa
waan ta’eef tokko tokkoon gochaalee dhiyaatan raawwachaa leenjii gageessuun barbaachisaadha.
Boqonnaa1
Yaad-rimeewwan barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa(BSTD)
1.1. Maalummaa Barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa
Gocha 1. Lama lamaan ta’uun gaaffilee armaan gadii irratti mariyachuun dareef dhiyeessaa.
Barnoonni sadarkaa tokkoffaan duraa barnoota daa’imman umuriin isaanii barnoota sadarkaa
tokkoffaaf hingeenye yookiin umuriin isaanii wayitii ijoolummaa ganamaa(3+- 6+) keessatti
argamaniif kennamudha.Manni barumsaa BSTD bakka daa’imman sammuun, currisaan,
haawaasummaanfi qaamaan daagaagina barbaachisu gonfatanii barumsaa sadarkaa tokkoffaaf
qophaa’oo ta’anidha.
Barbaachisummaan barnoota sadarkaa tokoffaan duraa gama bu’aa argamsiisuun qofa osoo hin
taane kallattii mirga daa’immanii dhugoomsuunis ilaalamuu qaba.Waliigaltee mirgoota
daa’immanii bara1989 biyyi keenya mallatteessiste keessa tokko mirga daa’immanii barnoota
kaffaltii malee argachuuti.Akkasumas,bu’aalee hawaasummaa kanneen akka hawaasa wal-qixa
ta’e umuufi yakka xiqqeessuu keessatti shoora olaanaa taphata.
Hayyuun Jemes Heckman akkas jedha “Change the first six years,you change the whole child’s
years” kana jechuun haala daa’imaa waggoota jahaan duraanii qajeelchu iraatti hojjedhu,umurii
daa’imaa boodaa hunda qajeelchita jechuudha.
Gocha 3. Baruu barsiisuun sadarkaa kamiyyuu irratti argamu seer-bu’uuraalee mataa isaa
qaba.Isinis jalqaba lama lamaan,itti aansee afur afuriin,dhumarratti saddeet saddeettiin
irratti mariyachuun seer- bu’uuraalee barnoota sadarkaa tokkoffan duraa eeruu yaalaa.
1.2.1. Qophaa’ina
1.2.2. Qindaawaa
Barnoonni BSTD akka barnoota sadarkaalee biroo goosa barnootaa adda addaan qoqqoodame
kan dhiyaatu osoo hintaane bifa yaad-bu’uuraafi gochaaleen barnootaa akka goosa barnootaa
tokkootti dhiyaatanidha.Adeemsa barachuu keessatti daa’imni abbaa kitaaba tokkoo ta’ee
wantoonni barataman hundi walkeessa dhiyaatanii baratamanidha.
Qalbiin daa’immanii dandeettii xiyyeeffannaa gadi aanaa qaba waan ta’ee kallatti isaan
bashannansiisuu danda’uun bifa faaruu,sheekkoo,gahee taphachuu,agarsiisa adda addaatiin
barumsi daa’immanii dhiyaachuu qaba.
Barnootni sadarkaa tokkoffaan duraa haala qabatamaa naannoo faana walsimatee gaggeeffamuu
qaba.Daa’imni tokko aadaa,duudhaa,safuu,barsiifata,seenaa,uumamaafi k.k.f naannoo isaa
barachuuraa akka eegaluu qabu waliigaltee hayyootaati.Barnoonni wantoota dhiyooti
argamanirra gara wantoota fagootti jiran barachuun seera dha.
Kanaaf,barsiisaan daa’immanii duudhaleefi safuu, barsiifataafi seenaa,gochaaleefi kalaqa
naannoo da’immaniitti argamaniif dursa kennuun amala,currisaafi hawaasummaa daa’immanii
dagaagsuu irratti cimee hojjechuu qaba.Maddi beekumsaa inni hangafaa hawaasuma naannoo
sanaa waan ta’eef taphoota,duudhalee,barsiifata,haala jireenyaa dhiyootti argamu fayyadamuun
barsiisuu qaba.
Daa’ima kamittiyyuu miirri anatu irra caalaa jaalatamaadha ykn nan jibbamaa jedhu itti
dhagaahamaa barachuu hinqabu.Daa’immanitti miirri olaantummaas ta’e gadi aantummaan akka
itti hindhagaahamne bifa walqixxeen keessummeessaa barsiisuum barbaachisaadha.
Gocha 4. Garee namoota Afuriin ijaaramuun gaaffilee armaan gadiif deebii kennaa.
Fakkeenyaaf,raawwii hojii daa’imni tokko dhiyeessu barsiisaan bifa daawwannan itti siqee
hordofuun bakka rakkatetti gargaaraa fiixaan akka bahu gochaa iyyaafata malee barumsi guyyaa
erga xumuuramee bubbulee booda bifa gaaffii barreeffamaa ykn qormaataan iyyaafatu
miti.Hojiin tokko tokkoon daa’imaas pootifooliyoo keessatti kuufamee kaa’amuun yeroo yeroon
irratti hojjetanii akka fooya’an itti taasifamu malee qabxii daa’imaa yeroo adda addaa kuusuun
darbiteeta/kufteetta jedhanii murteessan miti.
Hubachiisa! Ijoolle! Har’a mucayyoon tokko akkaataa naannawaa ishee itti beeksiftu
dhaggeeffanna.Isinis eega dhaggeeffatan booda naannoo mana jireenyaa keessan beeksiftu waan
ta’eef sirriitti nacaqasaa jechuun eegali.
Ani Boontuun jedhama. Gandi ani jiraadhu Mutuluu kan jedhamu yoo ta’u, iddoon itti taphannu
kan nama gammachiisu dirree magariisaafi bal’aatu jira. Mooraa/dallaa/ keenya keessa mukkeen
maangoo gurguddootu jiru. Yeroo aduu ta’u mukkeen kana jala taa’uun taphachuun nu
gammachiisa. Manni keenya gubbaan (baaxiin) isaa citaan kan uwwifame yoo ta’u, cufaan
foddaafi balbalaa mukarraa kan hojjatamedha.
Sheekkoo 3ffaa: Allaattiifi Qocaa
Allaattiifi qocaan hiriyummaan osoo waliin jiraatanii guyyaa tokko allaattiin “Akkam bulte
hiriyoo?” jettee qocaa gaafatte. Qocaanis “Maal na gaafatta? Ati addunyaa mara waliin geessee
yeroo dhuftu ani bakka tokkotti hidhameen oola” jetteen. Mee guyyaa tokko nafudhadhuu deemi
mee jetteen”
Allaattiinis deebistee “Anillee si fudhadheen deema turee, ati garuu waan oduu jaallattuuf
naharkaa kuftee caccabda jedheen sodaadha”Jetteen. Qocaan yeroo kana baay’ee
gammaduun,”Lakkii ani tasa hin odeessu. Na fudhadhuu deemi.” Jechuun cimsitee kadhatte.
Allaattiin “ka’i egaa koochoo koo qabadhu waliin deemna” jetteen.
Sana booda osoo allaattiin baattee naannooftuu qocaan gammachuu cimaan wantoota lafarra
jiran dinqisiifachaa osoo imalanii bakka hiriyoonni qocaa baay’inaan argaman gahan. Qocaan
lafarratti argitutti gammachuu ishee obsuu dadhabuu “Ilaali hiriyoonni lafarra jiran akka
nadinqisiifatan” jettee dubbachuuf afaan ishii yeroo banuuf jettu, koochoo (baallee) allaattii gadi
dhiiftee gubbaadhaa kuftee caccabdee duute jedhama.
Sheekkoo 4 ffaa: Caaltuufi Boontuu
Ijoolle! Har’a sheekkoo “caaltuufi boontuu” jedhu isiniif dubbisa. Dhuma irratti gaaffilee adda
addaa waanan isin gaafadhuuf sirnaan nacaqasaa: jechuun eegali.
Caaltuufi Boontuun ijoollee ollaa tokko jiraatanidha. Baay’ee waljaalatu. Mana barumsaa waliin
deemu. Yeroo boqonnaa isaaniitti kubbaa waliin taphatu. Kubbaa erga taphatanii booda immoo
wal-deeggaruun hojii-manee isaaniif kenname hojjatu ture.
Guyyaa tokko osoo kubbaa taphatanii tasaa jalaa dhoote. Achii booda lamaan isaanii, kubbaa kan
dhoose si’i… si’i waliin jechuun wallolan. Osoo walitti wacanii abbootiin Caaltuufi Boontuu
dhaqqabanii addaan dhowwuun sababa maaliif akka wallolan gaafatan. Dubbii isaanii erga
dhaggeeffatanii booda yeroo taphaatti meeshaan ittiin taphatan baduu, cituu, caccabuufi
manca’uu akka danda’uufi sababa kanaaf walloluun akka hinbarbaachifne itti himan.
Akkasumas, isaan akka obbolaatti akka wal ilaaluu, wal gargaaruufi wal jallachuu malee
walloluu akka hin qabne gorsuun walitti araarsan. Yeroo kana booda Caaltuufi Boontuun
hiriyyummaa isaanii cimsanii itti fufan; wallolaniis hinbeekan.
Sheekkoo 5ffaa: Boonaa
Ijoolle! Har’a seenaa “Boonaa” jedhamu dhaggeeffanna. Daa’ima Boonaa jedhamutu ture.
Umuriin isaa waggaa jaha. Mana barumsaa Abdii Guddinaa jedhamutti barata. Hiriyoota isaa
waliin oliif gadi fiigee taphachuu jaalata. Yeroo laaqanaaf gara manaatti galuuf bilbilamu
ijoollee hunda durseetu dareedhaa fiigee baha. Hiriyoota ollaa waliin baratan hineegu. Boonaan
gocha isaa kana yeroo hunda amaleeffateera. Guyyaa tokko akkuma amala isaa bilbila wayitii
xumuraa barnoota guyyaa yeroo dhaga’u utaalee daree bahuun mooraa keessa kutee gara
manaatti fiigichaan qaari’e. Hiriyoonni ollaa isaa dareedhaa bahan suuta waliin taphachaa galuuf
duuba isaa deemaa jiru. Otoo deemanii fuuldura isaanii fagoorratti Bonaan karaa irratti kufuu
isaa arganii fiiganii bira gahan. Yeroo bira gahan Boonaan lafaa ka’uu dadhabee “ol naqabaa;
jilba koo, harka koo, funyaan koo ... “ jechaa boohuu itti fufe. Hiriyoonni isaa Gadaafi Leensaan
walgargaaranii lafaa isa kaasan. Jilbaafi ciqileen harka isaa qunca’eera. Funyaan isaa dhiigeera,
fulli isaa dhukkee uffateera. Gadaafi Laliseen qaama isaa irraa haxa’anii bitaafi mirgaan qabanii
tirsanii gara maatii isaa geessan. Gar-malee fiigaa osoo jiru akka kufee miidhame maatii isaattis
himan.
Boonaan sababa kanaan dhukubsatee mana barumsaarraa torban tokkoof hafe. Erga fayyeen
booda deebi’ee barachuu eegale. Hiriyoota daree isaa muraasa baa’yee yaadee waan tureef daree
keessa naanna’uun nagaa gaafate; waan isa muudatee tures isanitti hime. Isaanis, “Baga fayyite!
Baga nagaan dhufte!” Jedhanii isa simatan. Innis, “Gaafan kufe otoo hiriyoonni koo
nadhaqqabuu baatanii lafaa ka’uu hindanda’un ture” jechuun gargaarsa hiriyoota isaa
galateeffate. Boonaan ergasii yeroo fiigu of-eeggannoo cimaa taasisa. Namootaafi hiriyoota isaaf
deeggarsa barbaachisu nigodha. Ijoollee dhukkubsatan yoo arge gargaarsa akka argatan
barsiistuu/saa isaatti nihimaaf. Mooraa mana barumsaa keessatti ijoollee qaroo dhabeeyyii yeroo
argu dareefi karaa itti ni’agarsiisa. Amma amalli Boonaafi tasgabbiin isaa baay’ee kan namatti
toludha.
Sheekkoo 6ffaa: Goobanee, Kanniisaafi Titiisa
Gaaf tokko Kanniisni tokko mooraa warra micayyoo xiqqoo Goobanee jedhamtu keessa
daraaraa biqiltuurra qubate. Goobaneen dhuftee, “kanniissoo! maal gochaa jirtaa?” jettee
gaafatte. Kannisichis “dhandhama daraaraa kanaa guurrachaan jira,” jedheen. Goobaneenis;
maal itti goota? jettee gaafatte. Kannisichis, “damma mi’aawaa ittiin qopheessa.” Jedheen.
Goobaneenis Kannisoo, ati maal jaallatta? maalis jibbita? jettee gaafatte. kanniisoonis, “anii
daraaraafi bishaan qulqulluu jaalladha”. Kanan jibbu immoo waan xuraawaafi dhukkeedha
jedheen. Goobaneen tole ani daraaraa baayyee siif dhaabee kunuunsaa, ati hoo maal naaf goota?
jetteen. Kanniisoonis “Ani damma mi’awaa qopheessee siif kenna” jedheen. Goobaneenis tolee
galatoomi jettee gara mana ishii ol seente.
Goobaneen yoo mana ol seentu titiisa guddaan tokko minjaalarra taa’ee argite. Goobaneen itti
siqxee, titisoo maal gootaa? jettee gaafatte. Titiisichis: ani xuraawaa qaama kiyyaa bakka
hundattii nandaddabarsa, nyaata namaa immoo nan xureessa jedheen. Goobaneen gaaffii biraa
gaafatte. Titiisoo, ati maal maali jaallatta? Maalis jibbita? jettee gaafatte. Titiisinis; akkana
jedhee deebise. Waan xuraawaa nan jaalladha. Kanan jibbu immoo waan qulqullina qabuufi
mooraa yeroo hunda qulqullaa’utti dhaquu hinbarbaadu. Akkasumas fuula namaa xuraawaa,
harkaafi meeshaa xuraawaa yoon argadhe nan jaalladha jedheen.
Yeroo kana Goobaneen edaa ati xuraawaadhaa? Dhukkuba namatti fidda mitii? jettee muka baala
qabu tokko olfuutee titiisicha rukuttee ajjeesuun minjaalarraa lafatti gadi buustee haraadhaan
hartee alatti gatte.
Kana booda Goobaneen gara abbaa ishee Obbo Magarsaa bira dhaquun waan kannisinii fi titiisni
jedhan itti himte. Isaanis erga dhaggeeffatanii booda, mucayyoo koo ati cimtuudha, waan
argiteefi dhageesse hunda natti himtee jirta jechuun akkana jedhanii Goobanee galateeffateen.
Kanniisni daraaraarra damma qopheessa, damma isaa immoo nuyi ninyaanna, garuu kanniisni
yoo itti siqanii harkaan qaban nama iddaa /ciniina/ waan ta’eef halaalumatti ilaaluu malee
harkaan tuttuquu hinbarbaachisu jechuun gorseen.
Titiisni immoo bakka xuraawaa waan jaallattuuf iddoo xuraawaarraa xurii fiddee fuulafi qe’ee
namaarratti buusuun dhukkuba namatti fiduu waan danda’uuf yeroo hunda qaamaafi harka
keenya, manaafi naannoo manaa keenyaa qulqulleessuun titiisa ofirra dhoorkuu qabna, jedhanii
Goobanee gorsani. Goobaneenis, toolee abbaa koo, galatoomi jettee gara manaa ol seente.
Sheekkoo 7ffaa: Quufa harree
Gaaf tokko harreen marga quuftee ciisuu osoo qabduu gadi baheen alaaka jechuun hiriyoota
ishee waliin jiraatan sareefi adurree mari’achiifte. Jarris maal, akkamitti lafaa dhiheen gadi
baata? Yoo waraabessi si nyaate hoo? Hin ta’u gadi taa’i jedhaniin. Harrittiin garuu diddee
mooraa keessaa gadi baate. Sagalee ishees olkaasuun alaakuutti kaate. Yeroo kana waraabessii
gara isheetti kaataa dhufee muka guddaa tokko jala taa’ee harreettii ijaan hordofuu jalqabe.
Harretiinis yeroo lammaffaaf funyaan ol qabattee sagalee guddiftee wayita alaaktu waraabessi
suuta dhufee garaa ishee qabatee nyaate. jedhama.
Sheekkoo 8ffaa: Wal Galateeffachuufi Dhiifama Gaafachuu
Ijoolle! Daa’ima Aannanee jedhamtu tokkotu turte. Aannaneen yeroo taphachuu barbaaddu
mucaa ollaa ishee ta’e Boonaa jedhamu waamuun waliin taphatti. Boonaa taphoota adda addaa
akkamitti akka taphataman waan itti agarsiisuuf baay’ee jaallattiin. Yeroo tapha quufanii gara
mana isaaniitti galuuf ka’an Aannaneen taphoota waliin taphachaa turanitti gammaduun
galatoomfattiin. “Boonaa kiyya! Galatoomi”jettiin. Mana barumsaattis yoo barsiiftuu ishee akka
hayyamtuuf gaafattu “Barsiiftuu maaloo eeyyama naaf kennaa”? jechuun kabajaan gaafatti. Yoo
barsiiftuun eeyyama kennituufis “Isin galatoomfadha barsiiftuu!” jettiin. Mana keessattis osoo
hin beekiin waan balleessiteef harmeen ishee yoo itti dheekkamtu, “maaloo harmee koo osoo hin
beekiinan,” jechuun dhiifama gaafattiin malee anaa miti jechuun harmee ishee hin sobdu.
Sheekkoo 9ffaa: Qulqullina dhuunfaa eeggachuu
Ijoolle! Mana barnootaa oolmaa daa’immanii tokko keessatti hiriyyoota Boontuu waliin baratan
keessaa tokko Caaltuu jedhamti. Maatiin isaaniis ollaadha. Caaltuun mana barnootaa kan deemtu
fuula ishee dhiqattee, dabbasaa ishee filattee, borsaa ishee qabachuudhaani. Caaltuun Yeroo
hundaa fuula ishee bishaanii fi saamunaan waan dhiqattuuf ijaafi funyaan ishee yoomiyyuu
qulqulluudha. Nyaataan boodas afaan ishee nilulluuqatti. Waan kana ta’eef ilkaan ishee yeroo
maraa adiidha. Kanaafuu, Boontuuniifi hiriyyooni isaanii biroon ishee jaallatu. Gaaf-tokko
barsiistuun waa’ee qulqullina dhuunfaa yeroo barsiiftu “Akka Caaltuutti ijaafi funyaan keessan
qulqulleessuu, dabbasaa keessan dhiqachuun filachuufi nyaata booda afaan lulluuqqachuun
qulqullina ilkaan keessanii eeggadhaa. Kana booda akkuma Caaltuu qulqulluu, bareedduufi
fayyaqabeessa taatu” jettee yoo dubbatu, Caaltuunis baay’ee gammadde. Boontuutiinis akkuma
koo qulqullina kee eeggachuu qabda jetteeni. Boontuunis haata’u jetteeni.
Sheekkoo 10ffaa: Sabboontuufi Olloota Ishee
Aadde Sabboontuufi ollaawwan ishee ganda Haroo Guddinaa jedhamtu tokko keessa waliin
jiraachaa turan. Ollaawwan aadde Sabboontuus lakkoofsaan shan ta’u. Aadde Sabboontuufi
ollaawwan ishee kunniin ganama yommuu manaa ba’anis ta’e galgala yommuu hojiidhaa galan
yeroo hunda wal argu. Yommuu wal arganis, attam bultan? Attam ooltan? jechuun nagaa wal
gaafatu. Waliin jiraachuu isaaniitiif baay’ee itti gammadu. Yeroo boqonnaa isaanii yeroo tokko
tokko ammoo aadde Sabboontuun buna danfisaniitu ollaa isaanii waamuun affeeru. Shanan
isaaniiyyuu buna waliin dhugaa waa’ee hojiisaanii, waa’ee ijoolleesaaniifi waa’ee fayyummaa
isaanii waliin haasa’u. Guyyaa biroo immoo, akkasuma aadde Baaccuun buna danfisaniitu
ollaawwan shanan isaaniiyyuu waamaniitu waliin taphatu. Namni dhukkubsate yoo jiraates waan
barbaachisu qabatanii waliin ta’uun dhaqanii gaafatu. Haala kanaan, aadde Sabboontuufi
ollaawwan ishee yeroo dheeraadhaaf nagaafi gammachuun waliin jiraataniiru.
Sheekkoo 11ffaa: Seera mana barnootaa kabajuu
Yeroo barsiistuu Feeneet seerota mana barnootaa dubbatan Tulluun sirriitti nidhaggeeffata, yeroo
hunda niyaadata, nikabajas. Kana jechuun hinbarfatu, hoj-manee isaa yeroo hunda sirriitti
hojjeta, qulqullina ofii ni’eeggata, meeshaa kansaa hintaane osoo hineeyyamsiisin hintuqu.
Akkasumas, hiriyyoota isaa wajjin daree isaa qulqulleessa. Gaafa tokko qubeessaa, kitaaba,
qarshiifi sa’aatii bade lafaa argee dura bu’aa mana barnootaatti kenne. Wantoota mooraa mana
barnootaa keessatti badanii arge mana barnootaatti kennuu, akkasumas barsiisota hunda waan
kabajuuf Tulluun mana barnootaatti badhaafamee jira.
Sheekkoo 12ffaa: Daraaraa Aliin Jaalatu
Aliin mucaa qaxaleedha. Yeroo hundaa ganama ganama ka’ee biqiloota bishaan obaasa.
Biqiloota isaa keessatti timaatimii, raafuu, kaarootiifi daraaraawwan halluu diimaa, keelloo,
cuquliisa qaban mimmiidhagootu argama. Daraaraawwan kanneen keessaa kan Aliin ofii isaa
dhaabeefi baay’ee jaallatu daraaraa cuquliisa darbee darbee gidduutti keelloo qabu tokkotu jira.
Haala gaariinis waan kunuunsuuf daftee guddatte. Guyyaa tokko Aliin akkuma amaleeffate
bishaan obaasuuf ganamaan ka’ee gara biqiloota isaa deeme. Daraaraan inni jaallatu halluun
ishee jijjiiramtee gaddeti ilaale. Bishaan daddabalee yoo obaaseyyuu cooliguurraa hambisuu
hindandeenye. Waan gaddeefiis bakka biqilootaa deemuus dhiise. Kana kan hubatan abbaan isaa
“Mucaa koo daraarattii sana akka ati jaallattu nan beeka. Daraarittiin bishaan baay’ee waan hin
jaallanneef lalisuudhaaf rooba gannaa darbuu qabdi. Atis abdii osoo hin kutatin hordofuufi
kunuunsuu qabda” ittiin jedhan. Gaaf tokko ganama abbaan Alii naannoo biqilootaa dhaqanii
“Alii! dafii koottu! ariifadhu” ittiin jedhu. Aliinis fiigee bira yoo ga’u, bakka daraarittiin turtetti
baala magariisa jiru itti agarsiisan. Daraaraa kootii?jedhe dinqisiifate,baay’ee gammadee.
Biqiloota isaas deebisee bishaan obaasuufi kunuunsuu eegale. Daraaraan inni jaallatus deebitee
laliste.
Sheekkoo 13ffaa: Leenca Adiifi Hantuuta gurraatti tokko
Bara durii leenci adiifi hantuutni gurrattiin tokko bosona keessa ollaa walii jiraatu turan.
Lamaan isaaniyyuu yeroo hunda bosona kana keessa asiifi achi deemuun soorata isaanii
barbaaddatu ture. Osoo kanaan jiranii guyyaa tokko hantuunni leenca ciisaa jirutti dhuftee areeda
isaa tuqxee fuuldura dabarte. Leencichis, hantuutattii argee callisee dhiise. Hantuutattiin garuu
leenca kana tuquu ishee waan huubatte hinqabdu ture. Sababa kanaan asifi achii deddeebi’uun
soorata ishee barbaaddachuu itti fufte. Yoona kana leenci tuttuqaa irra deddeebi’uu hantuutaa
kana garmalee aaree hantuutattii gagam godhee qabachuun sii obseen dadhabe; waan nadhiisuu
diddeef sinyaachuun qaba jedheen. Hantuutattiinis, maaloo adaraa kee anuu lamuu asiin
hindeebi’uutii nan nyaatiin jetteen. Leencichis, xinnoo garaa jabaachuun harkatti qabatee
nyaachuuf ija keessa ilaale. Hantuutattiinis, ija sodaan ija leencaa keessa ilaalaa ammas dabaltee
maaloo nan nyaatiin, anuu gaaf-tokko waa siif ooluu nan danda’a ta’a jetteen. Leencichis, kan
akka kee kun maal nafayyaduu dandeessi jechuun garaa laafummaan hantuutattii ilaalee tuffatee
gadi dhiise.
Osoo kanaan jiranii, gaaf-tokko leencichi kiyyoo namoonni isa adamsan hidhan keessa seenuun
qabamee bakka rakkataa jirutti hantuutattiin itti dhuftee waan leencichi keessa jiru argitee
baay’ee gaddite. Kanumaan hantuutattiin, obbo leencoo maal taatan? Maaltu isin muudate?
Obsaa hamman danda’uu anuu isinan gargaaraa jetteen. Leencichis, waan hantuunni kun jettuun
kana akka laayyootti ilaaluun, kun maal nagargaarti, jedhee ofitti aaruun kiyyoo ittiin qabame
harkisee kutuu dadhabnaan callisee. Yoroo kana hantutattiin kiyyoo leenci ittiin qabame ilkaan
isheetiin cirtee cirtee kukkutte. Leencichis, haala amanuu hindandeenyeen kiyyoo keessa bahe
lubbuun isaa baraaramtee jedhama.
Sheekkoo 14ffaa: Daawwannaa Roobaafi Jiituu
Gaaf tokko Roobaafi Jiituun oolmaa daa’immanii Mutulu jedhamu dawwachuuf barsiistuu
isaanii waliin deeman. Akkuma achi gahaniin kutaa daa’immanii tokko seenan. Daa’imman
hundi taa’aniiru. Barsiistuun isaanii ganama, guyyaa, galgalaa fi halkan maal jechuu akka ta’e
daa’immanniif ibsa gochaa turan. Roobaafi Jiituun jechoota kanneen yoo dhaga’an ni
gammadan. Barsiistuunis barnooticha itti fufuun “Ijoolle ganama irriba irraa kaatanii, fuula
dhiqattanii, ciree nyaattanii, dabtara keessan qabachuun gara mana barnootaa deemuun hanga
yeroo laaqanaatti ni barattu mitii? Yeroon kun ganama jedhama.
Yeroo laaqanaa booda hanga dhiha aduutti jiru immoo waaree booda jedhama. Galgala kan
jedhamu yeroo dhihuudha. Yeroon namni rafu halkan jedhama” jette. Roobaan harka baasee
barsiistu dukkana kan ta’u yoomii? Yeroo sana wanti mul’atu jiraa?”jechuun gaafate.
Barsiistuunis ganamaafi guyyaan aduudha. Galgalaafi halkan immoo dukkana ta’a. Akkasumas,
yeroo galgalaa samii irratti addeessaa fi urjiin ni mul’atu”jette. Roobaafi Jiituun wanta
dhaga’aniifi beekan itti gammadan. Hardha asitti waan dhageenye kana hiriyyoota keenyatti
himuu qabna waliin jedhan. Kanumaan daawwii isaanii xumuranii barsiistuu isaanii waliin gara
mana isaaniitti deebii’an.
Leenca, sardiidaafi yeeyyiin wanta argatan qixa qooddatanii nyaachuuf walii galanii wajjiin
adamoo deemuun dhokatanii gadamsa adamsanii qabatan. Kan adamsanii qabatan haala
waliigaltee isaanitiin qixa qooddachuuf walgahii taa’an. Leencis akkas jedhe,“Hanga irra caalu
natu fudhata; sababni isaa tokko mirga koo waan ta’eef; lammaffaa, mootii bineensotaa waanan
ta’eef; sadaffaan immoo, baay’ee baay’ee cimaa waanan ta’eef” jedhe. Dubbii itti fufuun, “Isin
keessaa kan gaaffii kaasu yoo jiraate gahee keessanis dabalee foon hundumaa nan nyaadha,”
jedheen.Kanneen hafanis jecha isaa kana osoo hin sodaatin tasgabbiin, “Leenca keenyaa! Yeroo
jalqaba adamoof baanu qixa qooddachuuf walii gallee turre. Haala walii galtee keenyaanis qixa
hojjannee gadamsa qabanne. Waan kana ta’eef, qixa qooddachuu qabna.Yoo kun hinta’in immoo,
kanaan booda si wajjiin adamoo hinbaanu; hiriyyummaan keenyas nihafa” jedhaniin.
Dhumarratti, leenci yaada isaanitti walii galee qixa qooddatanii nyaatan; wajjiin jiraachuu isaanis
itti fufan.
Sheekkoo 16ffaa: Du’a Ilmoo Waraabessaafi Harree
Gaaf tokko ilmoon waraabessaa duute jennaan bineensonni du’a ga’ii dhaqan.
Harreen garuu hindhaqii hafte. Otuma kanaan jiranii gaaf tokko haati warraa harree abbaa manaa
isheetiin bineensonni hunduu du’a ga’ii dhaqaniiru; nuti hafuun waraabessa dallansiisuu danda’a
jetteen. Abbaan warraa ishees lakkii nutti haa hafu jedhee falmate. Erga wal falmanii harrichis
waan sodaateef, erga hin dhaqna jettee situ dura deema jedhee akeekkachiise. Yemmuu achi
ga’an harreen dhaltuun suni akkana jettee alaaktee boosse. “halkan deemtu gufuun hin dhahu
miila keessan, kaleessahoo fayyaadha maal taatee duute mucaan keessan?’’ Jettee boosse.
Waraabessi boo’ichashee ajaa’ibsiifatee akkana ittiin jedheen. Harruu, hidhii mucaa koof ittiin
boosse nan dhungadhaa natti qabimee jennaan harreen dhuguma seetee jala qabatte. Waraabessis
hidhii harree gamdal godhee irraa kutate. Ilkaanshees duwwaatti hafe. yeroo ilkaan harree sanaa
addaatu waraabessi argee waan kofaltu se’een. Haati warraa harree kun maal du’a ilmookootti
kolfiti jedhee ori’e. Waan itti gaddeefis lafan dhahee nyaate jedhama ijoolle.
Sheekkoo 17ffaa: Waraabessaafi Leenca
Bara durii leencaafi waraabessi qabeenya isaanii dabareen waliin eegaa jiraatu turan. Leenci
sangaa qaba; waraabessimmoo sa’a qaba ture. Guyyaa tokko osoo leenci dabaree isaa eegaa jiruu
saanni dhallaan dil’uu ishee hudduu sangaatti suuqee kaa’e. Yeroo waraabessi dhufu kunoo
sangaan koo naaf dhale jedhee itti agarsiifate. Warabessis lakkii, kan dhalu sa’a koo ta’uu qaba
malee sangaan hindhalu waan jedheef wallolanii beneensota jaarsummaa lakkaawwatan.
Jaarsoota leenci lakkaawwate keessaa tokko qamalee turte. Gaafa beellamaa sanaas bineeldotni
lakkaawaman hundi gama lachuun dhufan. Garuu qamaleen osoo beellama irratti hinargamiin
hafte. Beellama yeroo biroof qabatan. Gaafa beellama lammataas qamaleen guyyaafattee
argamte. Leenciis “maal qamuu jaarsummaa koo tuffattemoo maaliif guyyaafatte?” jedhee
gaafate. Qamaleenis “lakkii yaa gooftaa jaarsummaa keessan tuffachuu osoo hinta’iin lafa
tokkotu babbaqaqnaan isa walitti suphuu natti guyya’e” jetteen. Leenciis “maal lafti nisuphamaa
maaliif sobda ati?” ittiin jennaan qamaleenis “Maal isin maaf sobdu! sangaan dhalee beekaa?”
ittiin jettee muka irra korte jedhama.
Sheekkoo 18ffaa: Raachaafi bineeldota bosonaa
Gaaf-tokko bosona bishaaniin marfamee jirutti ibiddi qabatee gubuu yoo eegalu bineeldootni
iyyuu jalqaban. Raachis bishaan keessaa iyyuu eegale. Gaafa iyya raacha kanaa dhaga’an
bineeldootni kunis raachaan akkana jedhaniin. “nutoo mana keenyatu gubatnaani, kan ati iyyitu
maaliif” jedhanii gaafatan. Raachis akkana jettee deebifteef. “Ana kan na’iyyisiisu, ibidda kana
dhaamsuuf yoo jedhanu bishaan naduraa waraabanii fixxu jedheen “jedhe jedhama.
Sheekkoo 19ffaa: Obbo Tulluufi ilma isaa
Durdur namichi sooressa Obbo Tulluu jedhamu tokko magaalaa jiraata ture. Yeroo hunda
qabeenyaa isaa kanaan waan of jajuuf hiriyaa isaa Obbo Waariyoo baadiyyaa jiraatu nituffata
ture. Obbo Tulluun gaafa tokko ilma isaa qabatee namoonni hiyyeeyyiin maal akka fakkataan
agarsiisuuf gara baadiyyaa deemuun mana Obbo Waariyoo daawwachisuuf murteesse. Yeroo
baadiyyaa ga’an mana Obboo Waariyoo bulanii ganama ka’anii jireenyaafi qabeenya Obbo
Waariyoo ilaalanii guyyaa muraasa gara magaalaatti deebi’an. Obbo tulluun mucaa isaatiin
imalli akkam ture jedhee gaafate. Mucaanis Baay’ee bareedaa ture, abbaa koo! Baay’ee natti
toleera jedheen. Ammas Obbo Tullun irra deebi’uun mucaa isaaniitiin “namootni hiyyeeyyiin
maal akka fakkataan ilaalte mitii?” jedheen. Mucaan “eeyyee ilaaleera, amma sirriitti eenyu
hiyyeessa akka ta’es bareera” jedheen. Erga akkas tahee “waan hubatte tokko tokkoon naaf
ibsimee” jedheen. Mucanis akkas jechuun yeroo deebisuu “kan ani arge nuti saree tokko qabna
isaan saree afur qabu. Nuti loon tokkitti qabna isaan loon baay’ee qabu, nuti lafa irra jirannu
xiqqo qabna isaan garuu lafa bal’aa qabu, ijji ilaalee hinqaqabsiisu, nuti midhaaan gabaadhaa
bitannee nyaanna isaan garuu waan ofii qotatan nyaatu. Kaanafuu nuti hiyeessa tahuu keenya
bareera. Kanafuu, carraa dawwannaa kana argachuu kootiif miira gammachutu natti dhaga’ama
abbaa galatoomi” jedheen! Yoo kana namichii sooreessa ofiin jedhuu sun baay’ee qaana’ee
ajaa’ibsiifatee ergasii sooressummaa isaatin of jajuu dhiise jedhama.
Sheekkoo 20ffaa: Hiriyoottan lamaan
Gaaf tokko Tolaa fi Waaqoon osoo karaa deemanuu dadhabnaan muka jalatti goranii haara
galfachaa osoo jiranii, Leenci tokko itti dhufe. Yoona kana Tolaan dursee waan argeef hiriyyaa
isaa Waaqoo lafatti dhiisee muka yaabbate. Kana booda leencichi bira yommuu gahu Waqoon
du’aa fakkaatee lafatti gadi kufee ciise. Leencichis miila kaasee hanga mataatti fuunfatee ilaalee
du’aa waan itti fakkaateef dhiisee deeme. Tolaan mukarra taa’ee waan hunda ilaalaa waan tureef
erga leencichi sokkee mukarraa gadi bu’ee “Leenci amma maal siin jedhee deeme?” jedheen.
Waaqoon Tolattii aaree waan jiruuf “hiriyyaa yeroo rakkoo si gatee badu waliin hin deemiin
naan jedhe” jedheen jedhama.
Sheekkoo 21ffaa: Waldhabdee Obbo Bulchaafi Obbo Fayyisaa
Bara durii Maatiin Obbo Bulchaafi Obbo Fayyisaa qarqara laga tokkoorra jiraatu turan. Maatiin
Obbo Bulchaa qarqara lagichaa gara oliirra jiraatu. Yeroo hundumaa qurxummii waan qabaniif
bishaanicha ni booressu ture. Maatiin Obbo Fayyisaa qarqara bishaanichaa gara gadii waan
jiraataniif bishaanichi yeroo hunda jalaa boora’uun rakkatu turan.
Guyyaa tokko Maatiin Obbo Fayyisaa gochaa boora’uu bishaanii kana aaruun nuti isin yeroo
hundumaa bishaan osoo nu jalaa booressitanii akkamitti jiraachuu dandeenya jechuun maatii
obbo Bulchaa wal loluun qurxummii qabuun akka dhaabatu ajajan.
Maatiin obbo Bulchaa immoo yaada Maatiin Obbo Fayyisaa akka qurxummii qabuu dhaabaniif
ajajanitti baay’ee aaran. Qurxummii qabuu keenya hin dhaabnu itti fufna malee jechuun
deebisaniif.
Isa booda waldhabdeen maatii lamaanii cimuun wal rukutanii gama lamaanirraayyuu nama tokko
tokko irraa miidhaan qaamaa cimaan gahe. Guyyaa tokko garuu jaarsoliin biyyaa bahuun gama
lamaanirraayyuu walitti dhufuun bishaanichatti dabareen fayyadamuu akka qaban erga
murteessanii booda araarri bu’uun maatiin lamaan nagaan walfaana jiraachuu isaanii itti fufan
jedhama.
Ijoolle, waldhabdeen akkuma jiru yeroo wal loltan dafaa araaramaa, wal mari’adhaa, inni
balleesse dhiifama haa gaafatu, inni miidhames dhiifama haa godhu! walitti bu’iinsi miidhaa
malee faayidaa hin qabu.
Sheekkoo 22ffaa: Balaa Taliilee irra gahe
Guyyaa tokko Taliileen mana barnootaatii galtee mana keessa osoo taphattuu qaruuraa
summii ilbiisota ofkeessaa qabu xiqqoo tokko argite. Suuta jettee qadaada qaruuricha banuun
yoo fuunfattu qaruuricha keessa summiin waan jiruuf fooliin itti dhufe. Dhandhama
summichaa adda baasuuf xiqqoo irraa dhandhamte. Battalumatti garaan ishee baay’ee
dhukkube. Haati ishees daftee gara mana yaalaa geessite. Ogeessi yaalaa dawaa erga
kenneefii booda lammata wanta maatiin olkaa’e tuquu akka hinqabne gorse.
Fakkeessanii Kaasi(wixineessi)
Gocha9. Qubeewwan akka fakkeenya kennameti
irradeddeebiinbarreessi
abaaboo mataa
a
mana morma
b daabboo abdataa
dilbata billaacha
C Callee leenca
Qaccee aarcaatii
daa’ima wandaboo
adurree Ahimad
d
Gocha 2 Lakkoofsota 1-5 tti kaa’aman baay’ina fakkiilee manneenii sirrii waliin
walitti firoomsi.
5
Gocha 3 Kan dheeraa ta’e irratti/jalatti mallattoo ‘ X’ boci.
______x_____________ _________
________
________________
1.
2.
1 2 3 4 5 6
Fkn 7 8 9 10
1 2 3 4 5 6
7 8 9 10
1 2 3 4 5 6
7 8 9 10
1 2 3 4 5 6
7 8 9 10
1 2 3 4 5
6 7 8 9 10
1.
2.
3.
4.
1.5. Wayitii Tapha Daree Keessaa
Wayitiin tapha daree keessaa wayitii daa’imman dhuunfaafi gareen ta’uun taphachaa itti
baratanidha.Tapha daree keessaatti daa’imman meeshaalee jajjaboo kanneen akka kaardii
liphsuu, moodeeloota, doominoo,kiyuubii, bocaalee lakkoofsaa ykn qubee adda addaafi k.k.f
fayyadamuun barsiistuun/saan tartiibeessuu, firoomsuu, duraa duubaan kaa’uu, walitti agarsisuu,
sagaleen waamuufi kanneen kana fakkaatan raawwachaa kan baratanidha.
Tapha daree keessatti seera taphaa qabsiisuufi daa’immanitti siiqanii waliin taphachaa akka
sirriitti hubatan gargaaruun barbaachisaadha
Tapha 1ffaa: Qaama nafa ofii
Qaama nafa ofii agarsiisaa lakkoofsoota 1-5 akka waaman fakkeenya kennuun akka hundi isaanii
agarsiisaa 1-5tti lakkaa’an jajjabeessi.
Tapha 2ffaa: Lakkoofsoota tartiibaan kaa’uu
Lakkoofsoota 1-5 Kaardii liphsuu irratti barreeffaman tartiibaan akka kaa’aniifi garee lakkoofsaa
ijaaran gargaari.
Tapha 3ffaa: Boca roga adda addaa qabu walitti firoomsuu
Bocawwan roga adda addaa qaban walitti firoomsaa taphachiisi. Bocawwan geengoo, rog-sadee,
rog-afreefi kanneen kana fakkaatan waraqaa/kaartoonii irraa hojjachuun gareen itti kennuun
kanneen walfakkaatan akka firoomsan taasisi.
Tapha 4ffaa: Qubee kee barbaadi
Tapha “qubee kee barbaadi” jedhu taphachiisuuf adeemsa kanaa gadii hordofi.
Tapha kana taphachiisuuf qubeewwan xiyyeeffannoo maqaa tokko qaban (A_D) Kaardii liphsuu
garagaraa irratti barreessi. Fakkeenyaaf, yoo daa’imman daree keessaa 32 ta’an, qubeewwan
gosa adda addaa A-D jiran saddeet saddeet ta’u. Kaardiiwwan kana daa’imman hundaaf raabsii
qubeewwan isaan qaqqabe dhoksanii akka ilaallatan itti himi. Daa’imman qubee walfakkaatu
qabatan teessoo isaanirraa ka’uun daree keessa naanna’anii akka walbarbaadaniifi
walhaammachuun garee tokko akka uuman godhi.
Tapha 5ffaa: Doominoon firoomsuu
Lakkoofsota 1-10 barsiisuuf doominoo ykn kaardii fakkiilee lakkaa’aman ofirraa qabaniifi
lakkoofsota fakkiilee kanneenii ibsan faana akka walitti firoomsan taasisi
Fakkeenyaaf,
Tapha 6ffaa: Tapha takii (cirrachaa) taphachiisuu
Taphichi akkaataa armaan gadiin ta’a. Barsiistuun/saan daai’mman cirracha shan shan akka
fidanii dhufan taasisti/sa.
Dura akkaataa taphichaa itti agarsiisuun daa’imman hundi Dhuunfaan taphicha akka
shaakalan gargaari.
Itti aansuudhaan daa’imman lama lamaan akka waliin taphataniifi waldorgoman taasisi.
Taphicha kan moo’atu daa’ima seera taphichaan lakkoofsi cirracha isaa/shee dursee 10
guuteefii ta’a.
Tapha 7ffaa: Boca lakkoofsotaafi baay’ina wantootaa
Lakkoofsota 0-5 daree keessatti lafa irratti boronqiin barreessuun muraa mukaa yookiin cirrachaa
yookiin koorkii fayyadamuun daa’imman boca lakkoofsotaa jala baay’ina muraa mukaa yookiin
cirracha walmadaalu kaa’u. Tapha kanarraa daa’imman zeeroon kophaa isheetti baay’ina akka
hinagarsiisne qalbeeffatu.
Tapha 8ffaa: Tapha kiyuubii(Daayisii)
Kiyuubii (daayii) irratti fuulota sadi irratti fakkii wantoota uumamaa ta’an irratti maxxansuu,
fuulota sadan hafan irratti immoo fakkii wantoota nam-tolchee ta’an irratti maxxansuu.
Barsiistuun/saan daayicha ol darbachaa fakkii wantoota uumamaa moo nam-tolcheetu mul’ate?
jettee/dhee daa’imman dabaree dabareedhaan gaafachuun taphachiisuu.
Tapha 9ffaa: Mucucoofi Kortoo
Tapha 10ffaa: Tapha Taangiraamiitti fayyadamuun bocaalee adda addaa Uumuu
Tapha 11ffaa: kaardii halluuwwaniin taphachuu
Daa’imman garee miseensa jaha jaha qabutti qooduun garee tokko tokkoof kaardii halluu adda
addaa(gurraacha,diimaa,magariisa,adii,keelloo,cuquliisafik.k.f) dibamaniifi maqaa halluuwwan
baratamoo ta’anii qubee gurguuddaan kaardii adii irratti haala fakkii gadiitiin qopheessuun
qoodiifi. Sana booda kaardiiwwan isaanii kardii maqaa halluwwanii tokko tokkoon qabu walitti
firoomsu. Gareen dursee walitti firoomsee mo’ataa ta’a.
Fakkeenyaaf:
Tapha 12: Doominoo lakkoofsaan lakkaa’aa walitti firoomsuu
Fakkii kutaalee qaama namaa agarsiisu maqxoon (qaxxaamurtuu) bakka adda addaa afuritti
muruun daa’immanitti kennuun akka walqabsiisanii qaama guutuu ijaaraa akka wal dorgoman
taasisi.
Tapha 19ffaa: Gommaa xiqqaa konkolaachisuu
Daa’imman gommaa xiqqaa dabaree dabareen sarara lafarratti sararame irratti akka
konkolaachisan akka gargaari.Daa’imni sararaan ala konkolaachise taphaan ala ta’aa
dorgommiin itti fufa.
Tapha 20ffaa: Wantoota hojjaan waldorgomsiisuu
Qaruuraa (hayilaandii), muka, dhakaa,waraqaa ciccitaafik.k.f guddaa irraa gara xiqqaatti yookin
xiqqaa irraa gara guddaatti tartiibessuun wal dorgomu
Kaardiiwwan tuqaaleefi lakkaawwii hamma daa’ima shanii taphsiisuu danda’an haala fakkii
armaan gadiitiin qopheessuun tuqaaleefi lakkaawwii walitti firoomsan, kan xumure biingoo
jechuun ka’ee dhaabbata, erga biingoo jedhamee booda sirreessuun dhorkaa akka ta’e
hubachisuun taphachisaa moo’ataa badhaasuu.
Meeshaalee adda addaa altokkotti daa’imman shan taphsiisuu danda’an akka fakkii armaan
gadiitti qopheessuun haala adeemsa irra deddeebii tartiiba isaanii irraa ka’uun iddoo duwwaa
akka guutan bifa dorgommiitiin taphachisaa yaad-rimee akkinaalee barsiisuu.
Gocha 2.41 kaardiiwwan boca adda addaa qaban haala armaan gadiittin qopheessuun daa’imman
boca walfakkaataa walitti fiduun taphachaa yaad-rimee boca irratti qaban akka dagaagfatan
taasisuu.
Daa’ima 1ffaa: Hiibboo Daa’ima 2ffaa: Hiibbakka
Abbaa Tar
Haadha Tar
Jibicha Tar
Jibicha Tar
Raada Tar
Maatii eenyuti yoo beekte natti himi yoo wallaalte lafa naaf kenni!
Daa’imni 2ffaan yoo wallaale lafa ofii isaatii hin jaalanne kennaaf.
Daa’ima 1ffaan “gama koo shittoo gama kee cittoo, dhakaatti hirkadhee baksaa
cirrifkadhee” jedheet deebii isaa itti hima.
Tapha ‘Tapha bocoota fi halluuwwan firoomsuu’ jedhu taphachuuf tartiiba armaan gadii
hordofaa
Daa’imman garee miseensa jaha jaha qabutti qooduun garee tokkon tokkoof bocoota
walfakkaatan haalluu adda addaa dibamanii fi bocoota adda addaa haalluu walfakkaatu dibaman
hiruufi. Sana booda
Bocoota haala armaan gadiittin qopheessuun daa’imman boca walfakkaataa walitti fiduun
taphachaa boca gar-gar baasuun ramaduu akka dagaagfatan taasisuu.
2.6. Wayitii Tapha Dareen Alaa
Taphni dareen alaa yeroo daa’imman dagaagina qaamaa ittiin dagaagfatanidha. Akkasumas,
seera tapha keessatti waldorgomaa barbaachisummaa seeraa itti baratanidha. Taphni dareen alaa
hawaasummaafi currisa daa’immanii dagaagsuuf heedduu fayyada.
Yeroo tapha dareen alaatti daa’imman akka hinmiidhamne hordoffiifi to’annoo cimaafi seera
taphaa sirriitti qabsiisuun barbaachisaadha.
Torban barannoo tokko keessatti taphoonni lamaafi isaa ol dhiyaatanii jiru. Akkuma
barbaachisummaa isaatti barsiistuun/saan tartiiba taphaa dhiyaatan dursa ofii hubachuun waliin
taphachuu qaba/di.
Walumaagalatti, haala raawwii yeroon barnootaa hundaa maanuwaalii kana keessatti gadi
fageenyaan dhiyaatanii waan jiraniif barsiistuun/saan daree seenuun dura sirriitti dubbistee/see
hubachuu qabdi/a.
Daa’imman fedhii addaa qaban adda baasuun gochaalee amaloota daa’imman kanaa waliin wal-
simatanii hojiirra oolchuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, daa’imman qaroo dhabeyyii ta’an
daree keessatti qubeewwan wantoota kanneen akka cirrachaafi waraqaa jabaa irraa hojjatamaniin
harkaan tutuuquun akka baratan gochuun nidandaa’ama. Akkasumas, daa’imman hubama
(miidhama) dhageettii qaban nijiru taanaan Af-lattoo fayyadamuun barbaachisaadha.
Daa’imman taphaan barsiisuun kan filannoo hinqabne ta’uu hubachuun barnoota hunda keessatti
tapha waliin qindeessuun barsiisuuf yaalii gochuun barbaachisaadha.
Fakkiilee daa’immaniin hojjatamaniifi hojiilee kanneen biroos daree keessatti maxxansuufi akka
daawwataman kaa’uun gaariidha.
Hojiileen daa’immanii poortifooliyoo dhuunfaa keessatti hammatamee kaa’amuu qaba. Kunis
barsiisonni hojiilee daa’immaniif bakka olaanaa kennuu isaati/sheeti daa’imman miirri
kaka’umsaa akka isaanitti dhagahamuufi maatiinis akka hojii isaaniitti gammadan taasisa.
Walumaagalatti, tokko tokkoon gochaalee maanuwaalii kana keessatti dhiyaatan sirriitti
dubbisuun eega qalbeeffattee booda hojiirra oolchuuf yaali.
Tapha 1ffaa: Kutaalee nafaa beekamoo adda baasuu
Kutaalee nafaa beekamoo (qaamolee miiraa, harka, miila, morma, mataa, rifeensa, gateettii,
ciqilee, quba, garaafi kanneen kana fakkaatan) tutuqaa shubbisuu. Barsiisaa/tuu kutaa qaamaa
tuqxe osoo hintaane kan waamte akka agarsiisan gochaa taphachiisi.
Tapha 2ffaa: Kubbaa gangalchuu
Tartiiba taphichaa
Daa’imman hiriira lamaan ykn sadiin ijaari.
Lafarratti sarara jalqabaafi xumuraa qopheessi.
Akka garee isaaniitti sarara jalqabaa booda akka hiriiran taasisi
Tokko tokkoon gareef kubbaafi muka kubbaa ittiin gangalchan itti kenni
Daa’imni jalqaba irra jiru kubbaa mukaan gangalchaa sarara xumuraa bira gahuun eega
deebi’ee booda kubbaafi muka ittiin gangalche/te hiriyaatti akka dabarsu/itu gochaa
dorgomsiisi.
Gareen dura taphatee xummuure akka mo’u itti himuun irra deddeebiin taphachiisi.
Tapha 3ffaa: Tapha “Magariisa Magariisa” jedhamu taphachiisuu.
Daa’imman hundi bifa geengoon bitaadhaa gara mirgaatti naanna’aa kan taphatan ta’ee
barsiisaan/tuun gidduu isaanii dhaabbatee yeroo magariisa jedhu nisosso’u, diimaa yeroo
jedhu nidhaabbatu, yeroo keelloo jedhaman ammo ni taa’u.
Taphni kun daa’imman seera tiraafikaa akka hubatan kan gargaaruu ta’uu isaa itti himuun
barbaachisaadha.
Tapha 4ffaa: Gaaffilee eessatti argamaa? Maali? Maaliif? Akkamitti? fi k.k.f Wal
gaafachuu
Tartiiba raawwii
Daa’imman hunda bifa geengoon akka taa’an taasisi.
Gaaffilee adda addaa waraqaa irratti barreessuun qopheessi. Fakkeenya. Umuriin kee meeqa?
Eeleen kutaa manaa eessatti argama? Bishaan eessaa waraabama? Maqaan abbaafi haadha
keetii maal jedhama? Akka waraabessaatti yuusi? Sirba aadaa tokko nuu sirbi? Uffata maaliif
uffanna? Kanneen kana fakkaatan baay’ina daa’imman daree keessa jiraniin qixxee
qopheessuun mariisisi.
Tokko tokkoon daa’immanii carraa gaaffii isaanii akka kaafatan ofitti waami waraqaa
marame keessaa tokko akka baafatan jajjabeessi.
Tapha 5ffaa: Eegee buqqisuu
Tartiiba taphichaa
Hundi isaanii huccuu ykn waraqaan gara duubaatti akka eegeetti rarraafatan itti agarsiisi.
Daa’imman wal ari’anii inni tokko eegee isa biraa buqqisuu akka dorgoman hubachiisi.
Sa’atii hanga daqiiqaa kudhanii qofa akka dorgoman itti himi.
Daa’imni eegeen buqqa’e yeroodhuma sana taphaan ala ta’a.
Daa’imni eegee hedduu buqqisee harkatti qabatee nimoo’a. Badhaasa guyyaa sanaatu
kennamaaf. Badhaasni harka walii rukutuu, baatamuu ykn guyyaa tokkoof maqaan isaa
kophaatti maxxanfamee akka turu gochuun ta'uu danda’a
Eega carraa kaafatanii booda gaaffii waraqaa sana irratti barreeffamee jiru dubbisuun
gaafadhu. Akkuma Kanaan itti fufuun daa’imman hundi akka hirmaatan jajjabeessi.
Tapha 6ffaa: Dorgommii fiigichaa
Daa’imman garee afuritti qooduun hiriirsi. Iddoo walqixa ta’e tokkoo ka’anii waan tokko
tuqanii akka deebi’an itti himi. Daa’imman afur afur ta’uun dorgommii fiigichaa hiriira adda
addaa keessaa fageenya walqixaarra 1,2,3 jechuun yeroo ka’umsaa walqixa ta’een ka’anii
fuulduratti fiiguun waan tokko tuqanii duubatti deebi’u. Daa’imni waan itti himame sana
figichaan tuqee iddoo ka’umsa isaatti dursee deebi’e garee waliin fiige keessaa kan moo’atu
ta’a. Dhumarratti, moo’attoonni deebi’anii waliin dorgomu. Daa’imni moo’attuu/taa
dorgomtoota hundaa taate/ta’e nibadhaafamti/ma.
Tapha 7ffaa: Qubee utaaluu
Daa’imman tapha “qubee utaaluu” jedhu haala kanaa gadiitiin taphachiisuu.
Dura barsiistuun/saan lafa yookiin bakka diriiraafi qulqulluu daa’immaniif mijataa ta’e
filadhu. Itti aansuun, fakkii roga lama qabu haala asii gadiitiin lafa filatterratti boronqiin
kaasii (sararii) qubee xiyyeeffannoo A hanga D keessatti barreessi.
A B
C D
Kanaa booda, daa’imman luka isaanii lamaan walitti qabachuun yookiin maxxansuun maqaa
qubeewwan iddoo utaalanii keessa dhaabbatan sana akka waaman taasisi. Fakkeenyaaf;
sararaan alaa dhaabbatanii gara keessaatti utaaluun A keessa yommuu dhaabbatan A jechuun
maqaa qubee A sagalee ol kaasanii waamu. Haaluma kanaan utaalanii bakka qubeen jirtu
keessa dhaabbachuun A, B, C, D jechuun gara barbaadanitti utaalaa taphatu.
Hubachiisa: Tapha kana taphachuuf daa’imman gareewwan hanga afuriitti qooduun bakka
adda addaatti iddoo mijeessuun walcinaatti taphachiisuun nidanda’ama.
Tapha 8ffaa: Miira Jaalalaafi Jibbaa Ibsachuu
Dareen ala daa’imman gaaddisa mukaa ykn mooraa mana barumsaatti bakka aduun gubu ykn
jiidha dhoqqee hinjirretti daa’imman teechisuun haala fuulaa ilaaluun deebii waan
jaallatamaa ta’eef yeroo afur harka dhahu. Yoo barsiistuun/saan maqaa waan jibbamaa
kaasun fuula ishii/isaa walitti guurtu/guuru osoo harka hindhani bira darbuun callisu.
Fakkeenyaaf: Barsiistuun/saan maqaa sa’aa yoo waamte/u daa’imman hundumtuu fuula ifaa
argisiisuun yeroo afur harka dhahu, yoo maqaa hantuutaa waamtu/u garuu fuula ykn nyaara
guuraa callisu. Tapha kanas barsiistuu/saa dura ofii keetii taphattee muldhisuu qabda. Egaa
kana malees daa’imman fedhiifi dandeettii qabanirratti hundaa’un alatti taphoota adda addaa
taphachiisi.Taphini kun dafee dafee walitti aansuun kan taphatamu waan ta’eef daa’imni
dogongore yoo jiraate tapha keessaa baha.
Tapha 9ffaa: Boca Manaa Wantoota Naannooraa Qopheessuu
Daree keessaa gara dirree mana barumsaatti erga baatanii booda daa’imman gareen tokko
miseensa shan qabu, garee gareen qooduun miseensi garee tokkoo tokkoon isaanii gosoota
margaa adda addaa ykn muka qaqallaa xiqqaa hangaan qubeessaa hincaalle shan shan funaananii
akka fidan taasisi.
Kana booda daa’imman tokkoon tokkoo isaanii muka ykn cirracha meeqa meeqa akka fidan
lakkaa’uun barsiistuutti/saatti argisiisu. Itti aansuun gareen tokko cirracha ykn muka funaanee
fide 25 sanaan lafa qulqulluu ta’erratti fakkii mana citaa akka hojjetan taasisi. kanaafis ati
jalqaba isaa itti agarsiisi.
Tapha 10ffaa: Ibsaa Tiraafikaa
Seera tiraafikaa eega hubachiifteen booda tapha armaan gadii taphachiisi
Diimaa jechuun dhaabbadhu, keelloo jechuun suutaan bakka dhaabbatanitti
sosocho`uu/qophaa’uu, magariisa jechuun deemi jechuu ta`uu ibsuun biskileetii ykn
konkolataa keessa akka jiran fakkeessanii dirree irra bilisaan akka sosocho`an taassisuu.
Daa`imman akka walitti hinbuune eessa akka deeman gaafadhu.
Ibsan itti aanu hanga ajajamutti daa`imman sochii isa jalqabaa susuukuu, dhaabbachuu akka
hojjatan taasisi. Yeroo muraasaafi ibsaa adda addaa waamuun taphicha akka taphatan
shaakalsiisaa.
Tapha 11ffaa: Tapha sagalee beeyladootaa addaan baasuu
Taphichi akka armaan gadiitti raawwatama.
Daa’imman gareewwan hanga shaniitti tokkoo tokkoon isaanii miseensota shan qabutti
qoodamu.
Iji isaanii huccuu qulqulluutiin nihidhama.
Sana booda miseensota garee tokkoo tokkootti iccitiidhan sagaleen beeyladoota shanii itti
himama.
Dhuma irratti walitti gadhiifamuun sagaleewwan laatamaniif dhageessisaa walbarbaadu.
Kanneen dursanii walargatan moo’attoota ta’u. Harki nirukutamaaf.
Tapha 12ffaa: Tapha “Obbo Waraaboo’
Daa’imman alatti baasuun gareewwan jaha jahaan qoodi. Geengoo hojjetanii akka dhaabbatan
taasisi. Bakka qixxee gidduu isaaniitti barataa toko akka “obbo Waraaboo” tti ramaduun
miseensonni warri kaan immoo dabareedhaan “obbo Waraabo” maal hojjechaa jirta? jechuun haa
gaafatan. Inni immoo, hirribaa ka’aan jira; mana fincaanii deemaan jira; fuula dhiqachaan jira;
ciree koo nyaataan jira… jechaa itti fufa. Gidduu gidduutti immoo dagachiisaa siin nyaadhe
jechaa nama tokko qabata. Inni qabame taphaan ala ta’a. Taphichi hanga daa’imni tokko qofa
hafutti ittifufuun inni dhumarratti hafe moo’ataa ta’a.
Tapha 13ffaa: Tapha Kallattiiwwanii
Tapha “Kallattiiwwanii” jedhu taphachiisuuf tartiiba armaan gadii hordofi.
Daa’imman dirree taphaa keessatti bakka kan mataa mataa isaanii qopheeffachuun fuula
isaanii gara barsiistutti/saatti deebisanii akka dhaabbatan godhi.
Daa’imman kallattiiwwan armaan gadii jiran himuu danda’uu isaanii mirkaneeffachuuf
gaaffii gaafadhu. Kallattiiwwan kunis bitaa, mirga, gara fuulduraa fi gara booddeeti.
Kanatti aanee kan jiru ibsuun hojjetanii agarsiisu. Daa’immaniif kallattii kenniteefii bu’uura
kallattii kennameefiin adeemu. (Fakkeenya. gara bitaatti deemi, gara fuulduraatti deemiifi
kanneen kana fakkaatan)
Kallattiiwwan kana erga sirriitti shaakalanii baranii booda sochiiwwan kan biraa akka
hojjetan godhi. Fakkeenya, gara bitaatti utaali, gara mirgaatti quruphisi, gara dudduubaatti
naanna’i, gara fuuladuraatti daa’imi.
Tapha 14ffaa: Tapha lakkoofsota utaaluu
Gabatee lakkoofsotaa boronqiin akka armaan gadiitti lafarratti kaasi.Tokko tokkoo rog-afree
keessatti lakkoofsota 1-10 barreessi. Fakkeenyaaf:
1 2
4 3
5 6
8 7
9 10
Seera taphichaa daa’immaniif ibsi. Tokko tokkoon lakkoofsa yeroo utaaltan sagalee
keessan ol kaasuun moggaasa lakkoofsichaa waamtu jedhiitii utaalaa moggaasa
lakkoofsichaa waamaa itti agarsiisi.
Dura rog-afree sana keessa dhaabbachuun, fakkeenyaaf, lakkoofsa 1 jedhanii waamuu. Rog-
afree itti aanutti utaaluun ‘2’ jedhanii waamuu, isa dhumarratti argamus akkasumatti waamaa
shakalsiisi. Daa’imman sirriitti taphatan dinqisiifachuun, warra suuteyyii ta’an gargaaruun
irra deebiin hojjechiisi.
Tapha 15ffaa: Tapha dhaabbadhu jedhu
Kubbaan huccuu irraa hojjetamee geengoo boronqiin sararame keessa taa’a. Daa’imni tokko
akka taphachisaatti kubbaa bira taa’a. Kubbaa fuula dura meetira 2 fagaatee sararri dalgaa
sararama. Daa’imman 8-10 ta’an sararicharra gara taphachisaatti garagalanii dhaabbatu.
Taphachisaan immoo lakkoofsaan, qubeen yookaan maqaa wantootaan moggaasa. Kana
booda taphachiisaan daa’ima tokko moggaasa kennameefiin waama.
Daa’imni waamame gara geengootti fiigee kubbaa fuudhee sarara irra dhaabbata.
Daa’imichis kanneen birootiin dhaabadhaa yeroo jedhu, mallattoo adda addaa agarsiisaa
dhabachuu, taa’uus, cisuus nidanda’u. Dhaabbadhu erga jedhamanii booda namni socho’e
taphaan ala ta’a.
Erga dhaabatanii booda daa’imni kubbaa harkaa qabu nama rukkuttaaf itti tole rukuta. Inni
rukutame taphaan ala ta’a, yoo rukutuu baate immoo ofii isaa taphaan ala ta’a. Yeroo
waamamus yoo maqaa isaa dagatee daa’imman biroo waliin fiige taphaan ala ta’ee taphni
haaraan jalqabama. Haala Kanaan taphichi amma daa’imni tokko hafutti itti fufee, daa’imni
dhuma taphaa irratti hafu moo’ataa ta’a.
Tapha 18ffaa: Tapha Qorkii jahaa
Daa’imman shan shaniin garee lamatti qoodamu. Gareen tokko qoorkii jahaa wal irra taa’e
kubbaa huccuu irraa hojjatameen rukutee kuffisee fiiga. Gareen inni lammaffaan immoo
garee sana gidduutti galchee kubbaa sanaan rukutuuf yaala. Kanneen qoorkii kuffisanii fiigan
immoo qoorkiiwwan sana deebisanii dhaabuuf yaalu. Yoo namni tokko dhaabee xumure
moo’atan jechuudha. Warri ari’aa turan qoorkiiwwan rukutanii fiigu. Namni tokko iyyuu
osoo hindhaabiin hunduu yoo ruktaman moo’tamaa waan ta’aaniif ammas qoorkii kuffisanii
fiigu. Taphichi haala kanaan ittifufa. Gareen tokko 2fi 1 yoo moo’e nixumurama.
Tapha 19ffaa: Lakkoofsaan Garee uumuu
Tartiiba taphichaa:
Daa’imman hunduu akka boca geengoo uumanii dhaabbatan godhi.
Walii walii isaaniitiin akkam jirta? Akkam jirta? jechaa geengoon akka naanna’an taasisi.
Lakkoofsa 1-9 keessaa tokko waamuun daa’imman lakkoofsa waamameen harka walii
qabachuun ariitiidhaan akka garee uuman taasisi.
Daa’imman battala sanatti garee keessa galuu hindandeenye taphaan ala ta’u.
Haaluma walfakkaatuun lakkoofsa kan biraa waamuun garee akka uuman taasisi.
Daa’imman lama dhumarratti hafan mo’ataa ta’u.
Tapha 20ffaa: Gommaa keessa hulluuquu
Taphni kun sochii qaama daa’immannii dagaagsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u akkaataa itti aanu
kana hordofuun daa’imman akka taphatan gargaaraa.
Gommaan lama walirraa siqee kan dhaabbate jiraachu qaba.
Daa’imman garee lama kan miseensa walqixa qabutti qooduun toora goommaa lamaaniin akka
hiriiran taasisi. Gareef maqaa moggaasi.
Tapha jalqabsiisuuf daa’imman jalqaba hiriira irratti argaman fiiganii goommaa keessa akka
hulluuqan taasisi.
Barataan gommaa keessa hulluuqee deebi’e duubaan gareesaatti hiriira.
Taphichi haala Kanaan marsaa sadiitif taphatama.
Gareen miseensonni isaa hundi ariitiin dura goommaa keessa hulluuqee raawwate tapha
marsaa san kan moo’atu ta’a.
Xumura irratti gareen marsaa sadeen keessaa lama yokiin sadeenuu moo’e taphicha akka
waliigalaatti kan moo’u ta’a.
Tapha 21ffaa: Ajaja yiraafikii kabajuu
Tapha ajaja tiraafiikii kabajuu taphachiisuuf, garee tokko keessatti daa’imman 5-7 gurmeessuun
nama tokko poolisii tiraafikaa gochuun filachuu. Sarara ka’umsaafi xumuraa ce’umsa daandii
qopheessuu. Daa’imman taphaaf qophaa’an sarara ka’umsaarra qophaa’uun dhaabbatu. Poolisiin
tiraafikaa Yemmuu mallattoo magariisa itti agarsiisu, taphattoonni qophaa’an gara sarara
xumuraatti sussuku. Yommuu inni mallattoo diimaa itti agarsiisu taphattoonni bakkuma jiranitti
dhaabbachuu qabu. Yeroo kana nama socho’u yoo arge gara sarara ka’umsaatti isa deebisa.
Haaluma kanaan taphataan dursee sarara xumuraa qaxxaamure moo’ataa ta’uun poolisii
tiraafikaa ta’ee taphachiisaa ta’uun taphni itti fufa.
Tapha 22ffaa: Meeshaa waliin qabanii fiiguu
barruu harkaa nama lamaa gidduu, dugda nama lamaan gidduutti, adda nama lamaan
giduuttifi kanneen kana fakkaatan gidduutti ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf:
1 2
Tartiiba Taphichaa
Karoora Baruu-Barsiisuu
Seensa
Karoorri qophii hojii baruu barsiisuu gara fuulduraa agagarsiisudha.Barsiisaan kamiyyuu gara
hojii baruu-barsiisuuti osoo hin seeniin duraan karoora qopheeffachuun hojii jalqabaati.Karoorri
hojii barsiisaa qajeelchuu,yeroo barnootaa sirnaan fayyadamuu, hordoffiifi to’annaaf heedduu
tajaajila waan ta’eef sirnaan qopheeffamuu qaba.Barsiisaan karoora sirriitti hin qopheeffamne
hojii isaa sirnaan raawwachaa jira jechuudhaf rakkisaadha.
Gosoonni karooraa heedduu jiraatanilee sadarkaa barsiisaa sadarkaa tokkoffaan duraatti kan
qophaa’an karoora waggaafi karoora guyyaati.
Karoorri waggaa hojiilee baruu-barsiisuu daree keessaa seemisteera waggaa hanga karoora
torbanii of-keessatti hammatu yoo ta’u, karoorri guyyaa (barannoo) karoora waggaa bu’uura
godhachuun guyyaa guyyaan kan qopheeffamudha.
Karoorri baruu-barsiisuu guca adda addaatiin qopheeffamuu danda’ullee qaamoole karooraa 6-8
ta’an of-keessatti hammachuu qaba.Isaanis:
Boqonnaan kun fakkeenya karoora barnoota waggaafi karoora barannoo guyyaa akka
fakeenyaati kan dhiyeessuu yoo ta’u sirriitti hubachuun hojii garafuuldraatti itti fayyadamuu
dandeessa.
Boqonnaa 4
Iyyaafannaa Baruu-Barsiisuu BSTD
Meeshaaleen iyyaafannoo
• daawwannaa
• jiraa hinjirree
• gaaffii qomaa
• poortifooliyoo
• gaaffiifi deebii
• hojii daree