You are on page 1of 32

YUUNIVARSIITII DIILLAA

KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMUMMAA

MUUMMEE AFAANII FI OG BARRUU OROMOO

Qaaccessa faaruu mararoo durbaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee

Xuruu Nagaasatiin

Waxabajjii,2009

Diillaa

Qaaccessa faaruu mararoo durbaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee
WARAQAA QORANNOO ULAAGAA DIGRII JALQABAA GUUTTACHUUF QOPHAA'EE,YUUNIVARSIITII DIILLAA
KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMUMMAA MUUMMEE AFAANII FI OG BARRUU AFAAN
OROMOOTIIF DHIYAATE

QAACCESSA ERGAA FAARUU MARAROO DURBAA GODINA SHAWAA LIXAA AANAA BAAKKOO TIBBEE.

QORATTUUN:XURUU NAGAASAA

GORSAAN:XAHAA MAHAMMAD

WAXABAJJII,2009

DIILLAA

YUUNIVARSIITII DIILLAA

KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMUMMAA


MUUMMEE AFAANII FI OG BARRUU OROMOO

Qaaccessa faaruu mararoo durbaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee

Xuruu Nagaasaa

Koree Qormaata Mirkaneesse

Maqaa Gorsaa:................................. Mallattoo.................... Guyyaa...........

Maqaa Qoraa: ................................. Mallattoo..................... Guyyaa.............

BAAFATA

Qabiyyee. Fuula

Galata. i
Axereeraa. ii

BOQONNAA TOKKO

1.1. SEENDUUBEE QORANNICHAA. 1

1.2.Ka'umsa Qorannoo. 2

1.3.Gaaffiilee bu'uraa. 2

1.4. Kaayyoo Qorannichaa. 2

1.4.1. Kaayyoo gooroo. 2

1.4.2. Kaayyoo gooree. 3

1.5.Barbaachisummaa Qorannichaa. 3

1.6.Daangaa Qorannichaa. 3

1.7.Hanqina Qorannichaa. 3

BOQONNAA LAMA

SAKATTA'IINSA BARRUU

2.1.Maalummaa Afoolaa. 4

2.2.Amaloota Afoolaa.

2.2.1.Gocha.
. 2.2.2.Hirmaattota.

2.2.3.Ummatummaa

2.2.4.Lufummaa

2.2.5.Jijjiiramummaa

2.2.6. Miidhagummaa 4

2.3.Faayidaa Afoolaa.

2.3.1.Ibsuu

2.3.2.Cimsuu fi dabarsuu

2.3.3.Too'achuu

2.3.4.Miliquu
2.3.5.Barsiisuu 5

2.4.Maalummaa mararoo durbaa. 6

BOQONNAA SADI

MALAA FI DHIYAANNAA QORANNOO

3.1.Mala Qorannoo. 7

3.2.Madda Odeeffannoo. 7

3.3.Iddattoo fi mala Iddatteessuu. 7

3.4.Meeshaalee Funaansa ragaa. 8

3.4.1 Af-gaaffii 8

3.4.2.Marii agree. 8

BOQONNAA AFUR

RAGAALEE DHIYEESSUU FI QAACCESSUU

4.1.Maalummaa faaruu mararoo durbaa. 8

4.2.Ergaa mararoo durbaa. 9

4.2.1 Mararoo durbaa komii mul'isu 9

4.2.2. Mararoo durbaa yaaddoo mul'isu 13

4.2.3.Mararoo durbaa marartee mul'isu. 15

4.3. Mararoon sababa maaliif mararfama? 17

4.4.Faayidaan mararoo durbaa maali? 18

4.5.yeroo ammaa faaruun mararoo durbaa àkka dur turetti gaggeeffamaa jiraa? 18

4.6.Argama Aanichaa.

4.6.1.Amantii

4.6.2.Dinagdee

4.6.3.Bineeldota

4.6.4.Biqiloota
4.6.5.Lageen 19

4.7.Haala jiruu fi jireenya Ummata Baakkoo Tibbee.

4.7.1.Aadaa wal gargaarsaa

4.7.2.Aadaa araaraa

4.7.3.Aadaa nyaataa

4.7.4.Aadaa Fuudhaa fi heeruma Oromoo Baakkoo Tibbee 20

BOQONNAA SHAN

GOOLABA,ARGANNOO FI YAADA FURMAATAA

5.1.Goolaba. 22

5.2.Argannoo. 22

5.3.Yaada furmaataa. 23

WABIILEE. 24

GALATA
Dhalli namaa ni karoorfata.Karoorri kun akka fiixan ba'uuf,qaamni gargaarsa godhu hedduu ta'uu
mala.Kanaafuu,duraan dursee waaqa karoorakoo kana fiixan naaf baase guddaan galateeffadha.Itti
aansuun gorsaakoo barsiisaa Xahaa Mahammad na gorsuudhaan yeroo fi humni isaanii osoo hin hafin
dungoo naaf ibsuun karoorakoo waan fiixan baasaniif galannikoo daangaa hin qabu.Kana
malees,Harmeekoo Adde Xajjituu Guddisaa fi Abbaakoo Obbo Nagaasaa Gammachuu
akkasumas,Obbolaawwankoo hundi osoo ana hin nuffin dadhabanii sadarkaa kanaan na gahan galata
isaanii akkamiin akkan ibsu jecha hin qabu. Naaf jiraadhaa! umrii naaf dheeradhaan jedha!.

Dhumarratti,haadhookoo Addisuu Gammachuu gorsa galaa jireenyaa naaf ta'uun na eegdee sadarkaa
kanarra akkan ga'uuf gumaachi ati naaf goote yeroo kamiyyuu akkan siin boonu kan na
taasisuudha.Akkasumas,hiriyaakoo Falmataa Dabalee Barreeffama kompitaraa fi haamilee naaf
kenniteef,galanni ani siif qabu yoomiyyuu kan hin dagatamneedha.
AXEREERAA

Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa faaruu mararoo durbaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee
qaaccessuudha.Kanaaf,mataduree kanaan yaadota wal qabatan barruuwwan adda addaa sakatta'uun
boqonnaa lama jalatti qindeeffamaniiru.Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa fi
lammaffaadha.Odeeffannoo manguddootaa,hayyootaa fi barreeffamoota afoola hawaasaa keessaa
funaanamanii olkaa'aman irraa argamuun kan qophaa'edha.Tooftaan qaaccessa ragaa kun,mala
qorannoo qulqulleeffataa yookin akkamtaa yoo ta'u,meeshaan funaansa ragaa kun,af-gaaffii fi marii
gareeti.Kunis,boqonnaa sadi jalatti qindeeffamanii dhiyaataniiru.Boqonnaa afur keessatti
immoo,gaaffiwwan manguddootaa fi hayyootaaf dhiyaate waa'ee faaruu mararoo durbaa irratti,af-gaaffii
fi marii gareetin funaanamanii,qaacceffamanii dhiyaataniiru.Boqonnaa shan keessatti
immoo,Goolaba,argannoo fi yaadni furmaataa dhiyaataniiru.

BOQONNAA TOKKO

1.1.Seenduubee Qorannoo

Afoola jechuun barreeffamaan yookiin afaaniin dhalootarraa dhalootatti kan darbu aadaa Saba
tokkooti.Ummanni qalamaa fi waraqaan osoo wal hin qaqqabsiisin dura naannoo argamutti jiruuf
jireenya isaa keessatti waan isa quunname tokko qaroomaa fi guddachaa waan irra gahe,ilaalcha
uumamaaf qabu,Saba tokkoof qabu,addunyaa mataasaaf qabu,kan inni ittiin ibsatu keessaa afoolli isa
tokkoodha.
Afoolli kan hawaasni eenyummaa isaanii,aadaa,amantaa fi duudhaa isaanii ittiin dabarfatan;afaaniin kan
dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufeedha.

Afoolatti hayyuulee garaa garaatin ibsi adda addaa itti kennameera.Isaan keessaa akka kitaabni Soofiyaa
Siraaj Wiirtuu jiildii 8ffaa(1999:1)irratti ibsutti,afoola jechuun akkuma maqaa isaa irraa hubatamu
barreeffamaan osoo hin ta'in kan afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbaa kan dhufee fi darbaa kan
jiru,fuuldurattis kan darbu damee ogbarruu Saba tokkooti.Sabni tokko eenyummaa,amantii,haala jiruu fi
jireenyasaa,heeraa fi seerasaa walumaagalatti,ilaalcha addunyaa irra jiru kanaaf qabu gara dhaloota itti
aanuuf dabarsuuf afoolli shoorri inni qabu baay'ee ol'aanaadha jechuun ibsa.

Akka walii galaatti,yaada kanarraa kan hubannu,afoolli afaaniin dhalootarraa darbaa kan dhufe,darbaa
kan jiru,fuuldurattis kan darbu akkasumas,eenyummaa haala jiruu fi jireenya hawaasa tokkoo kan mul'isu
ta'uu isaati.

Finnegan(1970:16) irratti akka ibsitetti,"unwritten literature or sometimes popular or traditional


literature" yaanni ishee kun kan nu hubachiisu,afoolli ogbarruu barreeffamaan ala ta'ee kan afaaniffaan
darbu,beekumsa yookin ogbarruu aadaa akka ta'eedha.

Kana malees,Misgaanuu Gulummaa(2011:6)irratti afoola yoo ibsu “Afoolli aadaa


hawaasaa,seenaa,eenyummaa,falaasama afaanii,amantaa fi kan kana fakkaatan dhalootaa dhalootatti
kan darbuudha”jedha.Akkasumas,“Afoolli ibsituu aadaa fi calaqqiftuu eenyummaati.Kunis kan
hubachiisu,Afoola beekuun aadaa, jiruu fi jireenya dhuunfaa fi hawaasaa beekurra darbanii of
beekuudha.Afoolli beekumsaa fi aadaa amantaa hawaasichaa jecha afaanii fi gochaatiin kan
dabarsuudha.Kanamalees,ruqoolee ogbarruun barreeffamaa qabatu kan hammachuu
danda'uudha.Gabaabumatti,Afoolli gocha, Duudhaa,barsiifataan,barreeffamaan ykn afaanin
dhalootarraa dhalootatti darbaa kan dhufee fi darbaa jiru fuuldurattis kan darbu Damee aadaa Saba
tokkooti.

Afoola jechuun kalaqa afaanii ta'ee kan mudannoo hawaasa tokkoo afaaniin dhalootarraa dhalootatti
dabarsuudha.Kunis kan darbu bifa faaruutiin, barsiifataan, gochaan,sirbaan kan dhalootaa dhalootatti
darbuudha(Zarihun Asfaw,1992:20).Yaada kanarraa kan hubannu,afoolli jiruu fi jireenya ilma namaa
keessatti gochaalee dhalli namaa keessa darbe afaaniin dhalootaa dhalootatti bifa faaruutiin,sirbaa fi
shubbisaan kan dabarsuudha.

Faaruu aadaa Oromoo keessatti beekaman keessaa tokko mararoo durbaati.Mararoon durbaa keessattuu
intalli takka naqataan kennamtee erga jettee booda, qe'ee warra intala heerumtuutti torbeen lama yoo
heerumaaf ishee hafu, mana warra isheetti galgala galgala kan sirbamuudha. Mararoon durbaa aadaa fi
duudhaa saba Oromoo calaqqisiisurra darbee ga'ee baruu fi barsiisuu qabaata.Kanaafuu,Qorannoon
kunis kan irratti xiyyeeffatu mararoo durbaa irratti.

1.2 Ka'umsa Qorannoo


Ummanni Oromoo aadaa isaa ,afaan isaa fi duudhaa saba isaa kan ittiin calaqqisiifatu afoolani.Afoola
keessaa immoo faaruun mararoo durbaa isa tokko.Ummanni Oromoo aanaa Baakkoo Tibbee kana bu'ura
godhachuun yeroo durbi takka heerumtu faaruudhaan miidhaksanii gammachuu dachaa taasifatu.

Qorannoo kana adeemsisuuf ka'umsa kan ta'e;faaruun mararoo durbaa yeroo ammaa kana Oromoo
Baakkoo Tibbee keessatti sadarkaa dura irra jirurraa hir'achaa waan dhufeef,faaruun mararoo durbaa kun
immoo dhaloota dhufutti osoo hin darbin dagatamee hafuu danda'a.Kanaafuu,faaruu mararoo durbaa
aanaa Baakkoo Tibbee keessa jiru bifa barreeffamaatiin kaa'uufi.

1.3.Gaaffiilee bu'uuraa

√ Ergaan mararoo durbaa maali?

√ Mararoon durbaa sababa maalitiif mararfama?

√ Mararoon durbaa hawaasaaf faayidaa akkamii qaba?

√ Yeroo ammaa mararoon durbaa akka dur turetti gaggeeffamaa jiraa?

1.4.Kaayyoo Qorannichaa

1.4.1.Kaayyoo gooroo

Kaayyoon gooroo Qorannoo kanaa ergaa mararoo durbaa aanaa Baakkoo Tibbee Qaaccessuudha.

1.4.2. Kaayyoo gooree

Kaayyoleen gooree Qorannoo kanaa

• Ergaa mararoo durbaa ibsuu

• Mararoon durbaa sababa maaliif akka mararfamu ibsuu

• Faayidaa mararoon durbaa hawaasaaf qabu ibsuu fi

• Akkaataan itti fayyadama mararoo durbaa yeroo ammaa maal akka fakkaatu ibsuudha.

1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa

Qorannoon tokko yeroo adeemsifamu bu'aa mataa isaa ni qaba.

Haala wal fakkaatuun qorannoon kunis bu'aan inni qabu,

√ Waajjira aadaaf Turiizimii aanaa Baakkoo Tibbeetif kaka'umsa ta'uun afoola kanneen biraa irratti
qorannoon akka adeemsifamu taasisuuf ni gargaara.

√ Namoota mararoo durbaa qorachuu barbaadaniif akka Madda ragaatti ni fayyada.


√ Faayidaan qorannoo kanaa inni biraa immoo faaruu mararoo durbaa bifa barreeffamaan olkaa'uuf ni
fayyada.

1.6. Daangaa Qorannichaa

Qorannoon kun kan adeemsifame Godina Shawaa Lixaa,Aanaa Baakkoo Tibbeetti mata duree ergaa
faaruu mararoo durbaa irratti.

Sababni qorannoon kun godina kana keessaa aanaa kana irratti xiyyeeffateef Oromiyaan godinaalee fi
aanaalee garaagaraa waan qabduuf akkasumas,aadaa mararoo durbaa adda adda ta'e waan qabduuf
yeroo tokkotti aanaalee kanneen hunda keessatti qorannoo gaggeessuun waan hin
danda'amneef,qorannoon kun as irratti kan daangeffame ta'a.

1.7.Hanqina Qorannichaa

Yeroon qorannoo kana gaggeesse hanqinoonni na mudatan,hanqina yeroo,baajataa,meeshaalee


odeeffannoon ittiin funaanaman kan akka viidiyoo,kaameraa fi kitaabilee wabii baay'inaan dhabuu.

BOQONNAA LAMA

SAKATTA'IINSA BARRUU

2.1.Maalummaa Afoolaa

Afaan qabeenya dhalli namaa ittiin yaada ofii ibsatuu fi ittiin walii galu keessaa isa ol'aanadha.Afaan bifa
barreeffamaa fi bifa dubbiitin ibsama.Bifa lachiinuu akkaataa miidhagina qabuun af-afaanitti
tajaajilamanii yaada,fedhii fi falaasama qaban ibsuun yoo danda'amu haala kanaan afaanitti
fayyadamuunis,ogummaa yookin aartii ta'a.Aartiin kunis Og barruudha.Afaan Saba kamiiyyuu keessa Og
barruun yoo jiraatu,kan barreeffamaa fi hin barreeffamin of keessatti qabata.Kan hin barreeffamin afoola
jedha Nagariin(1995)

Abarraa Nafaa (1995:137) irratti afoolli ummata kamiiyyuu osoo hin daangessin akkuma Og barruu
yaada,falaasama,aadaa fi duudhaa uumaa namaa ifa godhu jechuun lafa kaa'eera.Haaluma wal
fakkaatuun,Misgaanuun (2011:6)keessatti afoola yoo ibsu «Afoolli ibsituu aadaa fi Calaqqisiiftuu
eenyummaati jedha.Yaada kanarraa wanti hubannu,ilmi namaa aadaa fi eenyummaasaa kan ittiin ibsatuu
fi ittiin calaqqisiifatu afoola ta'uusaati.

2.2.Amaloota Afoolaa

Amaloonni afoolaa hedduudha.Kanneen keessaa muraasni;Gocha,


Hirmaattota,Ummatummaa,Lufummaa,Jijjiiramummaa fi Miidhagummaa faadha.

2.2.1.Gocha

Gochi wal duraa duuban dhiyeenya afoolaa mul'atuudha.Yaada kana Wasaneen (2006:164)yoo
ibsu“Firiiwwan afoolaa miidhagina goonfataniif afaan keessaa yommuu ba'an gochaan wal simatanii
dhiyaachuu isaaniti“jedha.Yaada kanarraa kan hubannu,gochi amala afoolaa jecha afaaniin ba'aniin
walitti galuun afoola kan miidhagsan ta'uu isaaniiti.

2.2.2.Hirmaattota

Gochi seenaa adda addaa irratti hundaa'ee firiiwwan afoola tokkoo yoo dhiyeessu hirmaattonni gahee
ol'aanaa qabaachuu isaanii Finnegan(1970)irratti yoo ibsitu,Hirmaattonni afoola keessatti gahee Ol'aanaa
qabu.Kanneen keessaa yoo namni jedhu sun dogoggore ni sirreessu,yoo irraaffate ni yaadachiisu,yoo inni
jedhu jalaa qabu,yoo inni dadhabe dabareen wal harkaa fuudhanii jedhu jechuun ibsiti.

2.2.3.Ummatummaa

Afoolli akka hojiilee og barruu biroo kan nama tokkoo yookin kan namoota muraasaa miti.Afoolli
qabeenya ummataati.Yaada kana Misgaanuun(2011:31)“yeroo jalqabaaf namni tokko kalaquu
danda'a.Garuu,amala lufummaa irraa kan ka'e dubbatamuun daddarbaa waan yeroo dheeraa tureef
adeemsa keessa irraaffatamuu ni mala.Kanaaf og afaan kan nama dhuunfaa osoo hin taane kan
ummataati"jechuun ibsa.Yaada kanarraa kan hubannu,afoolli nama dhuunfaadhaan jalqabamus,yeroon
booda abbaan dagatamaa waan deemuuf kan ummataa ta'uu isaati.

2.2.4.Lufummaa

Amalli kun afoolli dhalootaa dhalootatti darbuu isaa agarsiisa.Afoolli dhalootaa dhalootatti karaa lamaan
darbuu danda'a.Misgaanuu(2011:30)irratti akka ibsetti,Og afaan karaa lamaan lufuu danda'a.Og afaan
akka Hibboo,mammaaksaa,oduu durii jechaan yeroo darban,kanneen sirbaa(geelloo,shaggooyyee),sirna
ateetee,sirna buttaa qalaa jechaa fi gochaanis darbu"jedha.Kana irraa kan hubannu,afoolli karaalee
lamaan darbuu kan danda'u ta'uu isaa yoo ta'u,kanneen afaanin(jechaan)darbanii fi
gochaan(gochaan)daddarban ta'uu isaati.

2.2.5.Jijjiiramummaa

Zarihuun(2002:25)irratti akka ibsetti,“Afoolli afaanin darbuun isaa hanga tokko yookin guutumaan
guututti akka jijjiiramu isa taasisee jira"jedha.Yaada kanarraa kan hubannu,afoolli jijjiiramaaf baay'ee
saaxilamaa akka ta'eedha.

2.2.6.Miidhagummaa

Miidhagummaan haala afoolli qaamaa fi qalbii namaa hawwatee ittiin dhiyaatu


jechuudha.Wasanee(2008)afoolli haala bareedinaa fi ifa ta'ee ergaa isaa kan dabarsu ta'uun
miidhagummaa jedhama.jechuun ibsa.

2.3.Faayidaa Afoolaa

Faayidaan afoolaa hedduudha.Isaanis;Ibsuu,Cimsuu fi dabarsuu,Too'achuu,Miliquu fi barsiisuudha.

2.3.1.Ibsuu
Faayidaan afoolaa kun gaaffilee naannoo Keenya irraa ka'aniif dekenna.kenna.Wantoota naannoo
keenyatti argamaniif hubannoo cimaa ta'e dabarsa.Misgaanuu(2011)Afoolli gaaffilee naannoo irratti
ka'an,gaaffii daa'imman eessaa dhuftee wantootaa irratti kaasanii fi kan kana fakkaatan deebisuuf ga'ee
ol'aanaa qaba jechuun ibsa.

2.3.2.Cimsuu fi dabarsuu

Afoolli jireenya hawaasa tokkoo keessatti ga'ee ol'aanaa qaba.Afoolli amaloota gaggaarii hawaasni qabu
dhaloota dhufuuf akka darbuu fi cimee akka itti fufu taasisa.Wasanee(2006:170)irratti yoo ibsu,“Afoolli
aadaan fuudhaa fi heerumaa,aadaan nyaataa/ateetee fi aadaan wal kabajuu cimee akka itti fufu
taasisa"jedha.Yaada kanarraa kan hubannu,afoolli aadaan gaarii hawaasa tokkoo cimee akka itti fufu
yookin jiraatu taasisa jechuudha.

2.3.3.Too'achuu

Hawaasni amaloota gadhee ta'an akka balaaleffatan,amaloonni gaarii ta'anii fi fudhatama qaban immoo
cimanii akka jiraatan eega.Wasanee(2006)afoolli amaloota gadhee ta'an balleessun,gowwummaa
dhabamsiisuun,abshaalummaa kan barsiisu ta'uu ibsa.Walumaa galatti,afoolli safuu hawaasaa eeguu
keessatti ga'ee ol'aanaa taphata.

2.3.4.Miliquu

Afoolli dawoo dhiibbawwan garaa garaati.Boqonnaa sammuu ilma namaati.Hawaasni jireenya nuffisiisaa
jalaa boqachuuf,dhiibbaa uumamaa,hacuuccaa diinaa fi kan kana fakkaatan afoolatti jalaa
miliqa.Hawaasni dhiibbawwan isarra jiran qolachuu fi mormachuun rakkoo isarra gahuuf afoolatti
fayyadamee miira keessa isaanii dhikkifatu jalaa miliquun boqonnaa argachuun addunyaa haaraa keessa
galuun kolfaan,taphataa fi bashannanaa jiraatu.Wasanee(2006)afoolan gargaaramanii jireenya nuffisiisaa
jalaa gara boqonnaatti deemuun miliquu ta'uu ibsa.

2.3.5.Barsiisuu

Afoolli aadaa ittiin bulmaataa,duudhaa fi kan kana fakkaatan ummata ni


barsiisa.Misgaanuu(2011:35)irratti yoo ibsu,“Ummata kamiifuu osoo barnnonni ammayyaa kun hin
dhufin dura,akka Madda barnootaa fi beekumsaatti kan tajaajilaa ture og afaan isaati"jedha.Yaada
kanarraa kan hubannu,afoolli madda beekumsa hawaasaa ta'ee,tajaajilaa kan ture ta'uu isaati.Itti
dabaluun Wasaneen2006:172)“Afoolli aadaa ummataa,seera duudhaa fi haala uffataa ni
barsiisa.Amaloota fudhatama qaban barsiisa.Jireenya keessatti jabaatanii hojjachuu,Tokkummaa
qabaachuu,arjoomuu fi abshaalummaa nu barsiisa"jedha.Yaadni kunis,afoolli aadaa gaarii hawaasaa kan
barsiisu ta'uu isaati.

2.4.Maalummaa Mararoo Durbaa

Nagarii Leencoo Wiirtuu jiildii 7ffaa(1995:4)irratti akka ibsetti,“Mararoon weedduu sirna gaa'elaa
naqataan gaggeeffamu irratti shamarran weeddisan keessaa tokko ta'ee,intala ishee heerumtuu fi
hiriyoota isheetin dhiyaata"jedha.Yaanni kun kan agarsiisu,Mararoon weedduusirna gaa'elaa isa
naqataan irratti ta'uun isaa,intalli heerumtuu fi hiriyoonni ishee qophiidhaan jaalalaa fi marartee waliif
qaban ibsuuf kan mararfamuudha.

Misgaanuu Gulummaa,DILBII(2011:76)irratti,mararoon akaakuuwwan og afaan Oromoo walaloon


dhiyaatan keessaa isa tokko.Mararoon weedduu sirna gaa'elaa naqataan gaggeeffamurratti shamarreen
heerumtu hiriyoota ishee wajjin waliin ta'anii weeddisaniidha.Weedduun mararoo guyyaa cidha intala
heerumtuu torban lama hambisee kan eegalu yeroo ta'u, hanga gaafa cidha gaa'elaa sanatti galgala
galgala yeroo hunda walitti fufiinsaan mama warra intala heerumsiisanii biratti weeddifama.jedha.Yaanni
kun kan agarsiisu,mararoon Og afaan Oromoo walaloon dhiyaatan keessaa tokko kan ta'ee fi kan sirna
gaa'elaa naqataan gaggeeffamu irratti weeddifamuun beekamuudha.

Kana malees,Nagariin(1995:6)irratti,Mararoon durbaa walaloo(poems)meeshaa muuziqaa aadaa kan


akka dibbee wajjin qindaa'ee dhiyaata.Walaloon isaas yeroo dhiyaatu humna ittiin garaa namaa raasu
qaba.Haalli dalagaa isaas ta'ee,ergaan isa keessa jiru miira namaa kan kakaasu(emotional), yookin Onnee
namaa tuqee garaa namaa moogessuudhaan yaada gaddaa fi ho'ina(sympathy)namatti naqee kan nama
boossisuu jedha.Yaanni kun kan agarsiisu,Walaloon mararoo durbaa qophaa isaa dhiyaachurra
meeshaalee aadaa kan akka dibbee wajjin yoo wal qabate sirritti ho'ee ergaan isaa miira namaa
kakaasuun kan namallee boochisuu danda'u ta'uu isaati.

BOQONNAA SADI

MALAA FI DHIYAANNAA QORANNICHAA

3.1.mala qorannoo

Malli qorannoo karoora qorannoon tokko ittiin adeemsifamuudha.Qorannoon bu'a qabeessaa fi


amansiisaa akka ta'u gochuuf, malleen qorannoo qorannichaa funaanuuf nu garaaran hedduutu
jira.Haaluma Kanaan Qorattuun kun qorannoo qulqullina qabu gaggeessuuf,malleen garaa garaatti
dhimma baateerti.Qorannoo kana keessatti qorattuun mala qorannoo qulqulleeffataa yookin akkamtaatti
fayyadamuun qorannicha gaggeessiteerti.Addunyaan(2011:10)irratti mala qorannoo akkamtaa yookin
qulqulleeffataa yoo ibsu"akaakuun qorannoo kanaa dhimmoota qorannicha keessatti dhiyaatan mara
jechootaan ibsa"jedha.

3.2.Madda odeeffannoo

Qorannoo tokko yeroo gaggeessinu maddi odeeffannoon irraa argamu jiraachuu qaba.Qorannoo kanaafis
akka madda odeeffannootti kan qorattuu gargaaruu danda'an hawaasa Godina Shawaa Lixaa aanaa
Baakkoo Tibbeeti.Maddi ragaa gosa lama of keessaa qaba.Isaanis;madda ragaa tokkoffaa fi madda ragaa
lammaffaati.Kanaafuu,qorattuun qorannoo gaggeessite keessatti madda ragaa kana lamaan
fayyadamteerti.Kunis akka ragaa tokkoffaatti,hawaasa aanichaa keessaa namoota muraasa faaruu
mararoo durbaa irratti beekumsa qaban irraa odeeffanoo fudhachuudhaan qorannichi akka galma gahu
taasifteerti.

3.3.Iddattoo fi mala Iddatteessuu


Qorannoon kun Godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbee irratti kan gaggeeffameedha.Aanaan
Baakkoo Tibbee gandoota baadiyyaa 28 fi gandoota magaalaa 4 qabdi.Haaluma kanaan qorattuun
kunis,qorannoo ishee kan gaggeessite gandoota kana hunda irratti qorannoo si'a tokkoon gaggeessuu
waanan hin dandeenyeef,keessaa filattee gaggeessite.

Iddattoon qorannoo kanaa hawaasa oromoo aanaa Baakkoo Tibbee waa'ee faaruu mararoo durbaa
beekan,gandoota shan(5) irraa milkaa'ina qorannoo kanaaf akka ta'utti,ganda tokko keessaa nama
sadi(3) filachuun walumaagalatti,namoota kudha shan(15) namoota faaruu mararoo durbaa ni beeku
jadhamanii yaadaman dhiira shan(5) fi dubartoota kudhan(10) filachuun kan gaggeessiteedha.

3.4.meeshaalee funaansa ragaa

Qorannoon tokko yommuu adeemsifamu odeeffannoo garaa garaa walitti qabachuun


dirqama.Odeeffannoon guuramus guutummaa qorannichaaf faayidaa guddaa qaba.Qorattuun qorannoo
kana adeemsisuuf gaaffii afaanii fi marii gareetti dhimma baateerti.

3.4.1.Af-gaaffii

Meeshaalee odeeffannoon ittiin funaanamu keessaa tokko af gaaffiidha.Tooftaa kanatti dhimma bahuun
kan barbaachiseefis,qorataan wantoota hubatamuuf ifa hin taane irra deebi'ee gaafachuun
qulqulleeffachuu danda'a.Yaada kana ilaalchisee,Dastaan(2013:111)yoo ibsu “Af-gaaffiin gosoota
odeeffannoon qorannoo ittiin funaanamu keessaa isa tokko ta'ee,kan qorataa fi odeeffannoo
kennaan(informant)fuulleetti wal arganii odeeffannoo walii kennaniidha"jedha.

3.4.2.Marii garee

Malli kun namoota waa'ee Mata duree qorannoo sanaa beekan walitti qabuun odeeffannoo barbaachisu
irraa guurrachuuf nama gargaara.Kana jechuunis,isa namni tokko beeku inni tokko hin beeku.Kan tokko
dagate inni biraa itti ida'a.Kanaafuu,odeeffannoo ga'aa fi amansiisaa ta'e argachuuf tola.

BOQONNAA AFUR

RAGAALEE DHIYEESSUU FI QAACCESSUU

4.1.Maalummaa faaruu mararoo durbaa

Gaaffii mararoo durbaa jechuun maal jechuudha? Jechuun odeeffannoo kennitoota Marii gareetiif
dhiyaateen akka jedhanitti,faaruu mararoo durbaa jechuun durbi takka yeroo heerumtu kan sirbamu
ta'ee,innis guyyaan cidha intalaa torbee lamatti yeroo galu mana warra intala heerumtuutti galgala
galgala kan mararfamuudha.Kanaafuu,mararoon durbaa sirba intala heerumtuuf sirbamu ta'ee,kan
ollaan warra intala heerumtuutti wal ga'ee sirbee,taphatee ittiin bashannanuu fi jaalala waliif qabanis
ittiin walii ibsaniidha. Kanamalees,Mararoon durbaa sirba aadaati.Isa guyyaa intalli heerumtu ittiin
leellisanii fi kabajaa isheef qaban ittiin ibsaniidha.Cidhni mararoo durbaa hin qabne qe'ee warra boo'aa
yookin warra namni jalaa du'ee fakkaata.Kana jechuun, durbi takka ollaa fi hiriyoota mararoo sirbuuf yoo
dhabde akka waan heerumteetti hin lakkaa'amu.Namoonni cidha sanarratti argamanis osoo hangs
fedhan nyaatanii dhuganiis gammachuu hin argatani.Gurbaan ishee fuudhes kabajaa fi jaalala hagas mara
hin kennuufi.Kanaaf, mararoon sirba intala heerumtuuf kabajaa fi jaalala maatiin ishee qabaniif
ibsuudha.Yaada armaan olii irraa kan hubannu,mararoon durbaa sirba gaafa intalli takka heerumtu kan
sirbamu ta'ee,kan ollaa fi firri intala heerumtuu walitti dhufuun kan sirbamuudha.Kana malees,intalittiif
jaalalaa fi kabaja qaban karaa ittiin ibsaniidha.

4.2.Ergaan mararoo durbaa maali?

Gaaffii ergaan mararoo durbaa maali jechuun dhiyaateef akka jedhanitti, Mararoon durbaa ergaa garaa
namaa raasun nama boossisuudha.Kan biraaagatiin ergaan kunis,komii, Yaaddoo fi Marartee kan
agarsiisaniidha.

4.2.1.Mararoo durbaa komii mul'isu

Mararoon durbaa karaa ittiin intalli heerumtu warra fedhii isheetiin ala heerumsiisuu isaaniitiif
komattuudha.Walaloon mararoo durbaa armaan gadii kunis,karaa ittiin intalli heerumtu komii warrarraa
qabdu ittiin ibsituudha.

Aayyoo aayyoo misiraahoo

Maalan dhoksee sitti himaahoo

Boran deemaa si biraahoo

(Odeefkennituun,(A),Guraandhala 4/2009)

Ergaan mararoo armaan olii kun kan mul'isu, bo'oo lammaffaa keessatti “maalan dhoksee sitti himahoo"
yeroo jedhu,intalli heerumtu haadhatti waa himuu feetee,waan itti dhaammattu walii wallaaluu isheefi
akkasumas,“boran deema si biraa"yeroo jettu,guyyaan jala geessee kan itti himuu qabdu keessaa kan
dursitu wallaaluu fi malli harkaa baduu agarsiisa.

Yommuu na waamtu

Aayyoo yaa aayyoo

Yaa Seenaa'n jedhin

Yaa Hawwii jedhi

Hawwiin si bira

Yommuu na waamtuu

Abbaa yaa Abbaa

Yaa Seenaa'n jedhin

Yaa Hawwii jedhi


Isheen si biraa

(Odeefkennituu,(B),Guraandhala 4/2009)

Mararoon armaan olii kun kan mul'isu,intalli heerumtu haadhaa fi Abbaa duraan ishee waamanii
ergachuun isheetti fayyadamaa turan kanaan booda Maqaa ishee akka hin waamnee fi obboleettii ishee
mana jirtu kan hin heerumin akka waamanii ergatan akkasumas,jaalalaa fi leelloo dura isheef qaban akka
itti hin kaafne komii warrarraa qabdu ittiinibsatti.

Harmikoo hin baane

Ni quuqxe malee

Yaa aayyoleekoo

Laannikoo hin geenye

Na quufte malee

(Odeefkennituu,(C),Guraandhala,5/2009)

Mararoon kun kan nutti mul'isu,intalli heerumtu “harmikoo hin baane"too jedhu,harms kan hin baafnee
fi harmi ishee reefu kan baatu akkasumas,akka baay'ee daa'ima taatee fi warra ishee illee dharraa kan
hin baanedha.Akkasumas,“Laannikoo hin geenye"too jedhu,Daa'ima ta'uu isheeti.Karaa biraatin osoo
isheen hin ga'in heerumsiisuu isaanii kan ittiin ibsattu yeroo ta'u,bo'oo dhumaa irratti,“Na quufte
malee"yeroo jedhu immoo,Haadhan nuffamuu fi jaalalaa fi marartee haati dura qabduuf akka irraa
hir'ifte,akkasumas,haati ishee quuftee dabarsitee ormaaf kennuu ishee agarsiisa.

Yommuu si arguu

Okkotee daakuu

Mammasaa waxii

Gurbaadhaan gaaffu

Innuu itti beekaa

Qixee si eegaa

Qullubbii qabaa

Qolli maal godhee

Situ dubbii qabaa

Ormi maal godhee

Odeefkennituun,(D),Guraandhala 8/2009)
Ergaan mararoon armaan olii kun kan mul'isu, intala heerumtuun,bo'oo lammaffaa hanga sadaffaa “
okkotee daakuu,mammasaa waxii,gurbaadhaan gaaffu" kan jedhu meeshaa manaa gurbaan akka manaa
guuttatee qabuufi misirroon ergifachuudhaaf akka hin rakkanne kan mul'isu yommuu ta'u.“situ dubbii
qabaa, Ormi maal godhee"yeroo jedhu, Intalaan osoo hin gaafatin komachuu akka hin dandeenyee fi
ormi homaa akka ishee hin miine yookin hin dhiphifne mul'isa.

Yaa abbaayyeekoo

Yaa aayyoleekoo

Maaltu maal ta'ee

Kan badii ta'ee

Cabaa'n tuffaffanne

Darbaa'n dubbanne

(Odeefkennituu,(E),Guraandhala 8/2009)

Ergaan mararoo kanaa intalli heerumtu komii warrarraa akka qabdu mul'isa.Isheenis “cabaa hin
tuffanne"yeroo jettu,waan kennaniif kan hin dinnee fi kan Galata jettee fudhattu yommuu ta'u.“Darbaa
hin dubbanne"kan jettummoo,jecha namni jedhuun hundumaa kan dandeessuu fi waan warri ajajanis
kan hin dabarfanne ta'uu isheeti.Akkasumas,osoo isheen kana hundumaa taatuuf warri kan gara
jabeenyaan badii itti yaadan akka ta'e mul'isa.

Yaa abbaayyeekoo

Yaa aayyoleekoo

Maaltu mail ta'e

Kan badii ta'e

Cabaan tuffannee

Darbaan dubbannee

(Odeefkennitoonni,(A,B),Guraandhala 9/2009)

Ergaan mararoo armaan olii kun kan mul'isu,intalli heerumtu warra ishee osoo homaa him beekin,warri
ishee akka Kennan komii qabdu agarsiisa.Bo'oo sadaffaa fi arfaffaa keessatti maaltu mail ta'e,kan badii
ta'e,yeroo jedhu,isheen kan hin beeknee fi isheedhuma duuba akka dubbii fixan kan agarsiisuudha.Kana
malees, “Cabaa hin tuffanne"inni jedhu,waan kennaniif kan hin dinnee fi galata jettee kan fudhattu
yommuu ta'u,“Darbaa hin dubbanne inni jedhu immoo,jecha namni jedhuun hundumaa kan dandeessuu
fi waan warri ajajanis kan hin dabarfanne ta'uu isheeti.

Iddoo ciisakoo
Gumbii dhaabbadhuu

Cabaa irbaatakoo

Dilbii kaawwadhuu

Dibaa mataakoo

Samaa kaawwadhuu

(Odeefkennituu,(F), Guraandhala 10/2009)

Ergaan mararoo kun komii intalli heerumtuheerumtu warrarraa qabdu mul'isa.kunis,“Iddoo


ciisakoo,gumbii dhaabbadhu"kan jedhu,baay'ee lafa akka itti dhiphiftee fi yoo isheen heerumte akka
bakka isheen ciiftullee itti fayyadamuu danda'aniidha.“Cabaa irbaatakoo dilbii kaawwadhu"kan jettu
immoo,Gumbii isaanii kan keessaa fixu ishee akka ta'ee fi yoo isheen heerumte namni biraa kan jalaa
hir'isu hin jiru jechuu isheeti.Akkasumas,“Dibaa mataakoo samaa kaawwadhu"kan jedhus,isa ishee dibdu
olkaawwachuudhaan akka samaa godhattu haadhatti himti.

Waddeessa qe'ee

Murmurtu'n seenee

Murmurtaniiree

Guddiftuu 'joollee

Haasoftuu qe'ee

Gurgurtu'n seenee

Gurgurtaniiree

An ji'an se'ee

Laftoo halkanii

An jiran se'ee

Nattoo maltanii

(Odeefkennituu,(G),Guraandhala 10/2009)

Ergaan mararoo durbaa armaan olii kun kan mul'isu,“Guddiftuu 'joollee, haasoftuu qe'ee"yoo
jedhu,Ijoollee ishee booda dhalatan haadha gargaartee kan guddiftu ta'uu fi qe'ee keessa waamanii kan
ergatan ishee akka ta'eedha.Kana malees,“An jiran se'ee,nattoo maltanii"kan jedhu immoo,osoo isheen
hin beekin yookin quba hin qabaatin,akka ishee heerumsiisan mul'isa.
4.2.2..Mararoo yaaddoo mul'isu

Gaaffii mararoon durbaa akkamitti yaaddoo mul'sa?jechuun odeefkennitoota marii gareetiif dhiyaateen
akka jedhanitti,yaaddoo hiriyoonni intala heerumtuu haalli jiruu fi jireenya mana ormaa waan itti
bitaacha'uuf,kan ittiin jajjabeessanii fi ittiin gorsaniidha.Walaloon armaan gadii kunis kan yaaddoo
agarsiisuudha.

Gimbeekoo gimbaarittiihoo

Hiriyeekoo gaarittiihoo

Wal argaan Keenya

Masqala oollee idaarittihoo

(Odeefkennituu,(E,F),Guraandhala,4/2009)

Ergaan mararoo olii kun kan mul'isu,Hiriyoonni intala heerumtuu “Gimbeekoo gimbaarittiihoo,yaa
hiriyeekoo gaariittihoo"jechuun maqaa marartee hiriyaa ofii ittiin waaman yoo agarsiisu.“Wal argaan
Keenya,masqala oollee idaarittihoo"kan jedhu immoo,Masqalli mootii ayyaana maraa kan ta'eefi waqxii
itti hiriyaan wal barbaaddu akka ta'e.Akkasumas,hiriyaa baay'ee jaalatan of biraa dhabuun hammam
akka nama jibbisiisu ta'uu isaa mul'isa.

Kaleessi maali

Kaleessa har'aa

Yoonan as ba'ee

Lafti hin duudamoo

Hin diriiraaree

Nan si fuudhamoo

Sin miriixaaree

(Odeefkennituun,(J),Guraandhala,10/2009)

Ergaan mararoo armaan olii kun kan nu agarsiisu,“Nan si fuudhamoo sin miriixaaree"fuudhuudhaafis
ta'ee,liqimsuuf kan hin dandeenye ta'uu isaati.Karaa biraatin ergaan mararoo kanaa hiriyoonni intala
heerumtuu baay'ee akka cinqamanii if hiriyaa isaanii bakka dhoksan akka dhaban.Kana malees,lafti
baqaqee osoo keessa dhoksanii,ittis dabaluun osoo danda'amee fi liqimsanii akka fedhii isaanii ta'e kan
agarsiisuudha.

Mana'bbaa ofii

Akaayiin nyaata
Mulluun irbaata

Kolfanii nyaatu

Mana'bbaa ormaa

As taa'iin saada

Ka'iin ifaata

Mukuutu irbaata

Gom'anii taa'u

(Odeefkennituun,(H)Guraandhala 14/2009)

Ergaan mararoo durbaa armaan olii kun kan mul'isu,intalli heerumtu jireenya mana ormaatti baruuf
qabdu kan mul'isu yoo ta'u.Isheenis akaayii fi mulluun mana warra ishee akka cooma mana ormaa
caaluuf akkasumas,mana warra ishee bilisa taatee,kolfitee kan taphattuu fi bakka barbaadde teessee yoo
feetes kan ciiftu yoo ta'u, mana ormaatti garuu,taphnii fi kolfi kan hin jirre akka ta'e,kana malees,kan
abbumti fedhe kaasee nama teessisu akka ta'e kan mul'isuudha.

Yaa marii maroo

Yaa maraassisaa

Haadha'fii dhabuun

Haadha 'rmaat hafuun

Nama naasisa

(Odeefkennituu,(G,H),Guraandhala 14/2009)

Ergaan mararoo kun kan mul'isu,“Haadha ofii dhabuu,Haadha ormaatti hafuun" yeroo jedhu haadha ofii
dhiisanii haadha ormaatti galuun,kana boodas kan ormaa akka taatee fi deebitee haadha ishee kan hin
waammanne haadha ishii irraa addaan baatee kan ormaa ta'uun kan nama yaaddessuu fi isheenis osoo
hin jaalatin kan ormaa ta'uu isheetiif garaan akka hammaate akkasumas, akka rifatte mul'isa.

4.2.3.Mararoo marartee mul'isu

Gaaffii mararoon durbaa akkamitti marartee mul'isa?jechuun dhiyaateen gaaffii kanaaf deebii
kennitoonni akka jedhanitti,mararoon,marartee hiriyoonnii fi firoonni ishee qabaniif akkasumas,karaa
intalli heerumtu ormatti makamtee jireenyatti bartu illee karaa ittiin gorsan akka ta'eedha.

Mararoon marartee qaban ittiin ibsanis akka armaan gadii kanatti mararfama.

Wayyaa Rushee
Hiriyoonnikaa

Kanallee'n sobnaa

Mee jedhaa hiriyoonnishee

(Odeefkennaa,(F),Guraandhala 12/2009)

Ergaan mararoo armaan olii kun kan mul'isu, hiriyoonni intala heerumtuu“kanallee him sobnaa"yeroo
jedhu, hamma fedhenis mararfatan intala heerumtu heerumarraa kan hin oolchinee fi filannoo biraa
waan hin qabneef sirbanii,lafa dhiitanii taphachuun akka isaanirra jiru mul'isa.

Mucaan maal goote

Abbaatu wayyaa

Mushurraa bitee

Garaa laaffisee

Mee jedhaa hiriyoonnishee

Mucaan maal goote

Haadhatu wayyaa

Mushurraa bitee

Garaa laaffisee

Mee jedhaa hiriyoonnishee

(Odeefkennituu,(I),Guraandhala 15/2009)

Ergaan mararoo kun kan mul'isu, intalli heerumtu kan fedha hin qabnee fi haatii fi abbaan wayyaa
mushurraa bitanii akka garaa laaffisan kan agarsiisudha.Kana malees,intalli heerumtu kan homaa hi
beeknee fi heerumaaf akka hiriyoota ishee hin ganne ka ittiin ibsan akka ta'e mul'isa.

Kaleessan ba'ee

Har'an as ga'ee

Asuman dhaapha

Naxalaa baaqqee

Kan gadi baafte

Hin godaantaaree
Torbani jettee

Kan natti dhaamte

Sin sodaadhaaree

Yoon si sodaadhe

Nyaadha kateekoo

(Odeefkennituu,(F,G),Guraandhala 16)

Ergaan mararoo armaan olii kun kan mul'isu,hiriyoonni intala heerumtuu akka baay'ee dhama'anii fi
boqonnaa kan hin arganne yoo ta'u,akkasumas,fagoo se'anii osoo itti hin yaadin man yeroon itti ga'e
ta'uufii dhoksuu isheetiif sodas kan hin qabnee fi aaridhaan wayyaa Katee jedhamu akka of irraa
nyaachuu barbaadan kan mul'isuudha.

Mana'n aarsinii

Maal nyaatte jedhaa

Callistee'n taa'inii

Maal yaadde jedhaa

(Odeefkinnituu,(J),Guraandhala 16/2009)

Ergaan faaruu mararoo durbaa armaan olii kun kan nu hubachiisu,intalli heerumtu waan raawwattu
kamuu Abbaa manashee duuba akka hin taanee fi yeroo inni bira jirus,kolfitee taphachuu akka qabdu
mul'isa.

Garaa bal'adhu

Sii Kennan nyaadhu

Siin jedhan baadhu

Xinnaa guddisi

Guddaa dubbisi

Hirii gaggeessi

Taa'ii teessisi

(Odeefkennituu,(I,J) Guraandhala 16/2009)


Ergaan mararoo durbaa kun kan agarsiisu,“Garaa bal'adhu"jechuun,waan siin jedhan hundumaa
danda'i.Hin aariin ykn hin mufatin,jechuudha.Kana malees, Xinnaaf guddaa osoo hin jedhin nama
hundaa ija tokkoon ilaali yaada jedhu mul'isa.

4.3.Mararoon durbaa sababa maaliif mararfama?

Mararoon durbaa sababa maalitiif mararfama jechuun gaaffii marii gareetiif dhiyaateen
odeefkennitoonni akka jedhanitti,Sababni mararoon durbaa mararfamuuf inni jalqabaa gadaa intala
heerumtuu ga'uu isaaniif,Galata waaqaa galchuudhafi.kana jechuun,warri intala heerumtuu yeroo
dheeraadhaaf,cidha intala heerumtuuf erga qophaa'aa turanii booda waan hawwiin eegan kana waaqa
nagaan isaan ofkalche karaa ittiin gammachiisaniidha.Sababni inni lammaffaan immoo,intalli heerumtu
kabajaa fi jaalala hammamii akka firaa fi hiriyootarraa qabdu agarsiisuuf yoo ta'u,qe'ee warra intala
heerumtuu cidha cidha akka fakkaatu gochuudha.Inni biraa immoo,intala heerumtus haa ta'uu maatii
isheef jaalalaa fi kabaja qaban karaa ittiin mul'isaniidha.

Yaada armaan olii irraa kan hubannu,sababni mararoon durbaa mararfamuuf inni guddaan,gammachuu
gadaa intala heerumtuu ga'uudha.Kana malees,jaalalaa fi kabaja akkasumas,marartee durbi heerumtu
maatii fi firoota dabalataanis hiriyoota irraa qabdu mul'isuufi.Durbi mararoon hin heerumne hawaasaa fi
hiriyoota biratti jaalalaa fi kabaja akka hin qabne agarsiisa.

4.4.Faayidaan mararoo durbaa hawaasaaf qabu maali?

Gaaffii mararoon durbaa faayidaa maalii qaba jechuun odeefkennitoota marii gareetiif dhiyaateen akka
jedhanitti,Mararoon durbaa faayidaa hedduu qaba.Isaan keessaa;Intala heerumtu jajjabeessudhaan
haamilee itti horuudha.Kana jechuun,intalli mararoon heerumte takka yeroo kamuu kabajaa fi maqaa
gaafa heerumtee firaa fi hiriyaan ishee leellisanii gaggeessan Sana dhabuu hin feetu.Kanaaf,jabaattee
kabajaa Sana eeggatti.Inni lammaffaan immoo,karaa isheen maatii haarawatti makamtee bultii ijaarrattu
ittiin itti agarsiisuudha.Faayidaan mararoo inni biraa immoo,hariiroo walitti dhufeenya hawaasaa jidduu
jiru irra caalatti cimsuudha.Akka aadaa oromootti durbi yommuu heerumtu ollaan,firaa fi aanteen walitti
dhufanii sirbanii,nyaatanii,dhuganii taphatu.Kanaaf,walitti dhufeenyi hawaasaa akka cimu
taasisa.Hawaasni yoo walitti dhufe jaalalatu uumama.Kanaafuu,jaalalli hawaasa gidduutti akka cimuuf
illee shoora guddaa qaba.

Yaada armaan olii kana irraa kan nuti hubannu,Mararoon durbaa faayidaa akka,durba heerumtutti
haamilee horuun bultii akka ijaarrattu godhu,akkasumas,jaalalaa fi walitti dhufeenya hawaasa gidduu jiru
cimsuudhaan akka isaan waljala yaa'an godhudha.

4.5.Yeroo ammaa mararoon durbaa akka due turetti gaggeeffamaa jiraa?

Gaaffii jedhuuf odeefkennitoonni akka jedhanitti,yeroo ammaa faaruun mararoo durbaa kun sababa
adda addaatin laafaa fi dagatamaa jira.Sababni isaas guddina saayinsii fi teeknolojii,babal'achuu barumsa
ammayyaa irraa kan ka'e,namoonni aadaa isaanii akka booddetti hafaa ta'etti ilaalaa jiru.Keessattuu
dargaggoonni aadaa bareedaa kana dhiisaniiru jechuun ni danda'ama.Amantiin kiristaanaa fi Islaamaa
sirba hin jaalatan;faarfamuu kan qabu waaqa qofa jedhu.Kanaaf,aadaan kun irraaffatamaa jira.
Yaada kanarraa kan hubannu,mararoon durbaa yeroo ammaa kana sababaa fi dhiibbaa garaa garaa irraa
kan ka'e baay'ee laafaa fi dagatamaa akka dhufee fi laafuu fi dagatamuu isaatif immoo babal'achuu
amantaatiif barnoota ammayyaa akka ta'e hubanna.

4.6. ARGAMA AANICHAA

Bakki qorannoo kanaa Shawaa LixaaAanaa Baakkoo Tibbeeti.Akka ragaa waajira beeksisaa fi quunnamtii
Aanaa Baakkoo Tibbeetti,Aanichi gandoota magaalaa 4 fi gandoota baadiyyaa 28 qabdi.Lafti Aanichaa
bu'aa ba'iitti caala.Qilleensi is a as horsiisa beeyladaa fi oomisha midhaaniif mijataadha.Waajirri
beeksisaa fi quunnamtii Aanichaa lakkoofsa baay'ina ummataa bara 1999 wabeeffachuun,Dhiirri
94,806(kuma sagaltamii afurii fi dhibba saddeetii fi ja'a)too qabdu.Dhalaa immoo,92,849(kuma
sagaltamii lamaa fi dhibba saddeetii fi afurtamii sagal) qabdi.Akka walii galaatti,187,655(kuma dhibba
tokkoo fi kuma saddeettamii torbaa fi dhibba ja'aa fi shantamii shan) qabdi.

4.6.1.Amantii

Aanaa Baakkoo Tibbee keessa amantii garaa garaatu jira.Isaanis akka chaartii odeeffannoo waajira
beeksisaa fi quunnamtii aanichaa mul'isutti,amantii pirotestaantii 58%,amantii ortodoksii 21%,amantii
waaqeffataa 11% fi Islaamaa fi isaan biraa 10%dha.

4.6.2.Dinagdee

Akka waajirri beeksisaa fi quunnamtii Aanichaa ibsutti,irra jireessi ummata aanaa Baakkoo Tibbee
qonnaan bula.Hojii qonnaa tumsuuf loon baay'inaan horsiifamu.Biyyee gabbataa fi qilleensi baddaa fi
badda dareen waan jiruuf, Bunni walii gala lafa aanichaarra hektaara 41 qabata.Bosonnis kanaan ala
miti.Bunnii fi bosonni gargar hin bahani.Qarshii hedduu kan argamsiisu gurgurtaa bunaati.

4.6.3.Bineeldota

Aanaan Baakkoo Tibbee qabeenya bineensotaa fi beeyladootatiin badhaatuudha.Kunis,sababa qilleensa


gaarii qabduu fi bosonnis baay'inaan jiruufidha.Bineensonni bosonaa galii turizimiif ooluu danda'u.Haa
ta'u malee, turistoota akka hawwataniif hojiin hojjatame hin jiru.Har'a bu'aa isaanirra miidhaa isaanituu
caala.Sababni isaas,midhaan qonnaan bulaa garmalee hubaa jiru.Kanarraa ka'uudhaan qonnaan
bultoonnis gamtaan yaa'anii ajjeesuun hedduu isaanii balleessurratti argamu.

Bunni saffisaan dhaabamaa waan jiruuf,bosonni hedduummataa jira.Kunis,bineensonni baay'inaan akka


wal horan taasisaa jira.Naannoo Baakkoo Tibbeetti bineensonni argaman hedduudha.Isaan
keessaa;Qeerransa,Booyyee,Xaddee,Waraabessa,Awwaaldiigessa,Warabboo,Waangoo/Jeedala,Illeettii,K
uruphee,Bosonuu,Jaldeessa,Weennii fi Qamalee faatu argamu.Allaattiiwwan gosa garaa garaas
danuudha.

4.6.4.Biqiloota

Aanaan Baakkoo Tibbee Magariisa.Biqiloota gosa adda addaatu uwwisee jira.Biqiloonni gaaddisa bunaa
keessumaa mukeen baala haphii buna irratti akka guddataniif kunuunfamu.Ijaarsi baay'ataa waan
dhufeef garuu waddeessaa fi baargamoodhaan mana ijaaru.Waddeessi saanqaa/balbala ta'a.Biqiloota
biqilan keessaa Waddeessa,Baargamoo,Qilxuu,Hoomii,Abbayyii,Laaftoo,Shokshokii,Baddeessaa fi kan
kana fakkaataniidha.

4.6.5.Lageen

Aanaan Baakkoo Tibbee lageen garaa garaa qabdi.Lageen kana keessa qurxummii garaa garaatu
jira.Bineeldotaa madda dhugaatii ta'uurra darbuun daakaa fi tajaajila jallisiifis ni oolu.

4.7.HAALA JIRUU FI JIREENYA OROMOO AANAA BAAKKOO TIBBEE

4.7.1.Aadaa wal gargaarsaa

Oromoon Aanaa Baakkoo Tibbee aadaa wal gargaarsaa qaba.Jireenya gamtaas jiraata.Gaddaa fi
gammachuus wal bira dhaabbata.'Qunceen wal gargaartee Arba hiiti'akka jedhan Sana aadaa wal
gargaarsaa beeka.Nama rakkate gargaaruun rakkoo isaa furu.Wal gargaarsi kunis bifa adda addaa
qaba.Isaanis,Afoosha( Iddirii),Daboo(jigii),Dugdee(wanfala) fi Qaboodha.

A) Afoosha(Iddirii):- Afooshni kan hawaasni naannoo tokkoo gandaan, ollaan,gooxii akkasumas


gareedhan ka'uun, ji'a ji'aan, ji'a ja'aan ykn waggaan walitti dhufanii midhaanii fi maallaqa walitti
buusuun yeroo rakkinni uumame kan ittiin rakkinicha wal oolchaniidha.Arfaasaa,Birraa,Bonaa fi Ganna
nama miseensa afoosha sanaa jalaa firri yoo du'e afooshaan hojii waqxii Sana hojjatamu hojjachuun wal
gargaaru.

B) Daboo(jigii):- Waqxiilee jiran keessatti hojiilee hojjataman kamiiyyuu namni dadhabaa ta'e yookin
namni ilmoo gargaartuu hin qabne akkasumas, hojii muddaa ta'e tokko yeroon wal gargaaruun
yeroodhaan fixatu.

C) Dugdee(wanfala):- Dugdeen namoota humnaa fi hojiidhan wal madaalaniin ijaarama.Baay'inni


namoota dugdee walitti bu'anis 7-8 yoo ta'u isaanis hojii hojjatan keessatti yeroo daangessuudhaan wal
gargaaru.Hojii guddaa yeroo gabaabaa keessatti raawwatu.Nama yeroo kabajuu baate ni adabu;yoo
fooyya'uu baate immoo ofkeessaa baasu.

D) Daboo:- Aadaan hojii kun immoo saalan, umrii fi dandeettiidhaan osoo wal hin qoodin kan
hojjatamuudha.Kunis,kan hojjatamu ganamaa fi galgala yoo ta'u,yeroo gabaabaaf nama humna hin
qabne ykn jaarsaa fi dubartii abbaa manaa hin qabneef kan hojjatamuudha.

4.7.2.Aadaa araaraa

Hawaasni Oromoo Aanaa Baakkoo Tibbee, namoonni lama yookin gareen lama yoo wal dhaban aadaa
ittiin araarsan qabu. Karaaleen Oromoon Baakkoo Tibbee ittiin wal araarsu keessaa
muraasni;Gumaa,jaarsummaa fi kan kana fakkaatan isaan angafa.

A) Gumaa:- yoo jennu hawaasa Saba Oromoo keessatti qooda olaanaa kan qabu jaarmiyaa araaraa
hawaasa Oromooti.Wal dhabdee nama lama yookin garee lama gidduutti uumameen lubbuun namaa
yoo darbe,nama lubbuu baase akka aadaa hawaasa Oromootti gumaa baasee araarama.Gumaan gatii
lubbuuti.Kanaaf,hawaasni Oromoo Aanaa Baakkoo Tibbee aadaa boonsaa akkanaa qaba.

B) Jaarsummaa:- jaarsummaan garee lama gidduutti waldhabdeen yoo uumame gidduu galee araara
buusa.Kana jechuun, jaarsummaan garee jiddu galeessaa kan qaama walk dhabeef dubbii gamaa gamana
ilaalee walitti fiduudha. Gama biraatin jaarsummaan ollaa fi ollaan haadha manas fi abbaan manaa yoo
wal dhaban kan araara buusuudha.Kanaaf,Oromoon Aanaa Baakkoo Tibbee aadaa kanaan beekamaadha.

4.7.3.Aadaa nyaataa

Nyaanni hawaasa Oromoo Baakkoo Tibbee keessatti beekamu hedduudha.Isaan


keessaa;Cuukkoo,Caccabsaa,Marqaa,Mulluu fi Qoriin isaan beekamoodha.

A) Cuukkoo:- garbuu akaawuudhaan daaksisanii dhadhaa baksaadhan waliin makuun kan qophaa'u yoo
ta'u,innis baay'ee kan namatti toluu fi keessummaa jaalataniif kan tolfamuudha.

B) Caccabsaa:- dura qixxaan xaafii diimaa irraa erga qophaa'ee booda dhadhaa baksaa mi'eessitoota
garaa garaatin walitti makameen sukkuumamee kan nyaatamuudha.

C) Marqaa:- midhaan daaksisanii erga qopheessanii booda bishaan danfisanii midhaan daakame Sana
boojjitoon ykn sochooftuun erga waliin marqanii irraa baasanii meeshatti naquun gidduu isaatti dhadhaa
baksaa yookin baaduu furdaa naquun kan nyaatamuudha.

D) Mulluu:- gosoota midhaan dheedhii garaa garaarraa kan qophaa'u ta'ee,affeelamee mi'eessitoota
garaagaraa itti dabaluudhaan kan nyaatamuudha.

E) Qorii:- qoriin kan qophaa'u garbuu akaahanii mooyyeetti erga shakshakanii qola isaa irraa luqqisanii
booda dhadhaa baksanii qullubbii adii,mimmixa,soogiddaa fi kororimmaa itti naqanii nyaatama.

4.7.4.Aadaa fuudhaa fi heeruma Oromoo Baakkoo Tibbee

Gosti fuudhaa fi heeruma aadaa Oromoo danuudha.Hundumtuu aadaadhaan daanga'u.Fakkeenyaaf


naqata yoo ilaalle jaarsoliituu dubbii fixa.Wal dorgommiin waan jiruuf,hundumtuu waan isaanirraa
eegamu gumaachu.Eenyuyyuu caalee argamuu barbaada.Safuu cabsee akka hin arrabfamne of eeggata.

BOQONNAA SHAN

GOOLABA,ARGANNOO FI YAADA FURMAATAA

5.1.GOOLABA

Qabeenyaa fi ogummaa dhalli namaa jireenya isaa keessatti horate keessaa tokko afoola.Afoolli bu'aa
kalaqa sammuu ilma namaa ta'ee;seenaa,duudhaa fi safuu hawaasa tokkoo kan
calaqqisiisuudha.Kanneen haala kanaan argaman keessaa tokko mararoo durbaati. Faaruun mararoo
durbaa akkuma afoola kanneen biroo aadaa,duudhaa,safuu,haala jiruu fi jireenya hawaasa Oromoo
Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti mararoo durbaa jechuun sirba gaafa intalli takka heerumtu firoonni
ishee fi hiriyoonni ishee walitti qabamanii guyyaa itti Gammachuu fi marartee intala heerumtuuf qaban
ittiin ibsataniidha.Akkasumas,mararoon jiruu fi jireenya ishee keessatti hawaasa irraa jaalala guddaa akka
argattu karaa ittiin taasisaniidha.

Faayidaan isaas,aadaa hawaasichaa ni ibsa.Intalli heerumtu kabajaa fi jaalala hawaasarraa akka argattu
godha.Haaluma wal fakkaatuun,ergaan mararoo durbaa akka ragaa namoota aanichaa irraa argameen
ykn ibsameen,komii,yaaddoo fi marartee kan mul'isu yoo ta'u,isaan kunis,karaalee namni tokko intala
heerumtuuf yaadaa fi ilaalcha qabu ittiin dabarfatu ykn ibsatuudha.

Dabalataanis,jijjiiramaa deemuu faaruu mararoo durbaatiif sababa kan ta'an,guddina saayinsii fi


teeknolojii;amantaa kanneen jedhaman isaan ijoodha.Isaan kunis,aadaa bareedaa isa durii sanaaf akka
jijjiiramuuf daandii saaqu.Kun immoogama afoolatiin yommuu ilaalamu, afoolli kun akka dagatamuu fi
jijjiiramu akkasumas,akka hawaasichi faaruu mararoo durbaaf xiyyeeffannoo hin kenni taasisuu keessatti
ga'ee guddaa qaba.

Walumaa galatti,faaruun mararoo durbaa gosoota afoolaa keessaa tokko ta'ee;faaruu ykn sirba gaafa
intalli heerumtu ollaa fi firri walitti yaa'ee mararfatuudha.

5.2.ARGANNOO

Argannoon qorannoo Qaaccessa ergaa mararoo durbaa irraa argame kanneen armaan gadiiti.

√ Faaruun mararoo durbaa yeroo ammaa hawaasa Baakkoo Tibbee keessatti sadarkaa yaaddessaa fi
hanga dagatamuutti akka gahee jiru bira gahameera.

√ Wantoonni duubatti hafamuu fi dagatamuu faaruu mararoo durbaaf sababa ta'an,kanneen akka
amantaa,teeknolojii,barumsa ammayyaa fi hammayyummaa akka ta'an bira gahameera.

√ Hawaasni aanichaa aadaa fi seenaa isaanii dagatanii aadaa warra adii fudhatanii akka itti tajaajilamaa
jiran bira gahameera.

√ Faayidaa mararoon durbaa hawaasichaaf qabu ibsameera.

√ Ergaan mararoo durbaa komii,yaaddoo fi marartee akka mulisu bira gahameera.

√ Mararoon durbaa sababa maaliitiif akka mararfamu bira gahameera.

5.3.YAADA FURMAATAA

Faaruu mararoo durbaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee irratti qorannoo gaggeeffame irraa
ka'uun akka walii galaatti,afoolli kun baduu fi irraaffatamuutti deemaa waan jiruuf,kana irraa hambisuuf
kanan jedhe akka armaan gadiitti kaa'ee jira.

√ Hawaasni Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee keessumaayyuu dubartoonni quuqama aadaa
isaanii qaban xiyyeeffannoo guddaa kennuun akka aadaa boonsaan kun hin dagatamne osoo
godhanii.Kana jechuun,amantaa fi saayinsii ammayyaa hordofuun aadaan furii sun akka badu gochuu
osoo baatanii wayya.
√ Waajirri aadaa fi Turizimii aanichaa dhimma kunuunsa aadaalee kanneenii irratti barumsa adda addaa
hawaasichaaf kennuu qaba;akkasumas,hawaasicha keessa gadi bu'uun afoola kana funaanuun gara
barreeffamaatti jijjiiruun dhaloota dhufuuf akka darbu osoo taasisanii gaarii ta'a.

√ Faaruun mararoo durbaa yeroo ammaa kana gadi bu'aa fi dagatamaa waan jiruuf gama hawaasichaatin
itti yaadamee bifa barreeffamaatiin kaa'amuun dhaloota dhufuuf akka darbu osoo godhamee.

Walumaa galatti,qaamoleen dhimma aadaa irratti hojjatan hunduu faaruu mararoo durbaa kana badii
irraa hambisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuudhaan irratti osoo yaadamee.

WABIILEE

1.Abarraa Nafaa(1995) Barruulee qormaata waaltina afaan Oromoo Wiirtuu jiildii 7.Biiroo Aadaa fi
Turizimii Oromiyaa

2.Addunyaa Barkeessaa(2011)Akkamtaa yaadrimee qorannoo,Finfinnee Oromiyaa

3.Dastaa Dassaalany(2013),Bu'uura qorannoo,Finfinnee

4.Finnegan(1970);Oral literature in Africa Nairobi. Oxford university press

5.Jaarraa W.B fi Wasanee Yaadatee(2008)Bantuu haaraa fi caasluga afaan Oromoo fi


ogbarruu.Finfinnee;Oromiyaa
6.Misgaanuu Gulummaa(2011)DILBII Bu'uura afoola ogafaanii fi walaloo Oromoo.Finfinnee

7.Nagarii LeemLeencoo(1995) Barruulee qormaata afaan Oromoo.Wiirtuu jiildii 7.Biiroo beeksisa


Oromiyaa

8.Soofiyaa Siraaj(1999)Wiirtuu jiildii 8ffaa Qormaata Waaltina afaan Oromoo.Finfinnee;Biiroo aadaa fi


beeksisa Oromiyaa

9.Zarihuun Asfaaw(1992).Yesinatsihuuf masaratawiyaan.Addis Ababa University press.

Dabalee A

YUUNIVARSIITII DIILLAA

KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMUMMAA

MUUMMEE AFAAN OROMOO FI OGBARRUU

Gaaffilee af-gaaffii fi marii gareef odeeffannoo kennitootaaf dhiyaate

1.Ergaan mararoo durbaa maali?

2.Mararoon durbaa sababa maalitiif mararfama?

3.Mararoon durbaa hawaasaaf faayidaa maalii qaba?


4.Yeroo ammaa mararoon durbaa akka dur turetti gaggeeffamaa jiraa?

5.Mararoon durbaa akkamitti yaaddoo mul'isa?

6.Mararoon durbaa akkamitti komii mul'isa?

7.Mararoon durbaa akkamitti marartee mul'isa?

Dabalee B

Gabatee Odeefkennitootaa

Maqaa. Koodii. Saala. Umrii. Ganda. Gahee hojii

1.Xajjituu Guddisaa A. Dha. 45. Sadan qixxee Q/bultuu

2.Addisuu Gammachuu. B. Dhi. 38. Sadan qixxee. Barsiisaa

3.Nuzuu Dureessaa. C. Dha. 50. Shobokaa. Q/bultuu

4.Alamii Hata'uu. D. Dha. 53. Sadan qixxee. Q/bultuu

5.Caalchisaa Gammachuu E. Dhi. 49. Shobokaa. Q/bulaa

6.Tarreessaa Cimdeessaa. F. Dhi. 55. Shobokaa. Q/bulaa


7.Faantuu Maammoo. G. Dha. 39. Jagee. Barsiiftuu

8.Geexee Magarsaa. H. Dha. 35. Jagee. Daldaltuu

9.Muluu Tolaa. I. Dha. 32. Lokkee. Q/bultuu

10.Waaqumaa Suutee. J. Dhi. 48. Ceekaa Diimtuu Q/bulaa

You might also like