Professional Documents
Culture Documents
Hokkara kanaan qabeenyi dhuunfaafi ummataa kan barbadaa’e yoo ta’u, kanaanis
manneen jireenyaa 523, hoteelotni 195, manneen daldalaa 232, warshaalee addaddaa
saddeetiifi konkolaattotni 273 horoomaa bahaniiru.
Badiin lubbuu namaa qabeenyarratti biyya keenya hiyyeettii tanatti irra deddeebiin
uumamu kun gaaga’ama dinagdee akka hordofsiisa qabxii jedhu ka’umsa godhannee
hayyuu dinagdee took dubbisneerra.
Hayyuun kun Doktar Guutuu Teessoo jedhu. Hayyichi ammaan tana Pirezidaantii
Waldaa Ogeessota Dinagdee Oromiyaa ta’anii tajaajilaa kan jiran yoo ta’u, dhimmoota
dinagdeedhaan walqabatanirratti Gaazexaa Bariisaa dabalatee miidiyaalee biyyattii
adda addaarratti qaaccessa gadifageenya qabu kennuun beekamu.
Qabeenyi taatee yeroo darbe Oromiyaafi Finfinneetti uumamee tureen barbadaa’e kan
halkan tokkotti horatame otoo hintaane yoo xiqqaate hanga waggoota shantamaa kanitti
dhama’ameedha jedhu.
1|Page
Gabaadhaa ala ta’uunsaanii ammoo lammiilee isaan bira hojjechuun jireenyasaanii
geggeessan, namoota waan isaan omishan irraa bitatan, tajaajila kennan irraa argatan
hunda garmalee midha; jireenyasaaniis gaaga’a.
Badiin qaqqabe kun qe’ee namoota hundaa, daldala qaamota hedduu miidha. Miidhaan
dinagdee hokkaroonni akkanaa dinagdeerraan gahan akka salphaatti tarreeffamee kan
xumuramu miti.
Kana bira darbees waanti bizinas konfidansi jedhamu jira. Namni tokko bizinasiirratti
yoo konfiidansii qabaate malee daldalas ta’e invastimantiitti hingalu. Warri alaala
taa’anii waan ta’aa jiru kana hubatanis hojichatti hinseenan. Haalli akkanaa warra
amma hojicha keessa jiran gabaa keessaa baasuu qofa otoo hintaane hojiilee baay’ee
gara fuulduraatti hojjetamuuf jedhaman konfidansii dhabsiisuun miidhaa guddaa uuma.
Hojiin invastimantii qisaasama guddaarratti akka kufus ni taasisa.
Bizinasiin barbaada’e kun baay’een hoteelas, ta’u warshaan dunkaanas ta’u kan biraa
liqii mana baankii ykn dhaabbilee maallaqaatiin waan hojjetaniif qisaasama guddaa
qaqqabsiisa. Egaa qisaasamni kun kan abbootii qabeenyaa biratti qofa dhaabatu otoo
hintaane dhaabbilee maallaqaallee daran miidha.
Qabeenyi kan abbaa qabeenyaa sanaa qofa otoo hintaane kan biyyaa ta’uun hubannoo
cimaa argachuu qaba. Gamoo tokko gaafa hojjetamu, konkolaataan tajaajila geejibaa
kennu oggaa bitamu kan biyyaa ta’uun hubatamuu qaba.
2|Page
Kanaaf qabeenya akkanaa kunuunfatanii eeggachuun lammii hundarraa eegama. Badii
qabeenya akkanaarratti aggaamamu kamuu dura dhaabachuutu barbaachisa. Kun
dirqama lammummaatisi. Qabeenya baroota meeqa itti dhama’amee horatame
deebisanii bakka buusuuf waggoota danuu kan fudhatu ta’uun hubannoo cimaa
argachuu qaba.
Keessumaa gochi badii akkanaa biyya hiyyummaa gadhee keessaa bahuuf tattaafataa
jirturraa waan eegamu miti. Waan qabeeny haala kanaan barbadaa’eef jijjiiramni
hindhufu. Adeemsi akkanaa sirnaan sirraa’uu qaba.
Qabeenyi biyya kana keessa jiru abbaan fedhe fidee haa dhufuu ykn haa horatu
faayidaansaa biyyuma kanaafi, hawaasuma naannawa sana jiraatuufi. Sabootaafi
sablammoota naannawa sana jiraataniifi.
Abbootii qabeenyaa ykn qabeenyasaanii alaa fidanii akka asitti hojjetan gochuun ifaajii
ykn dhamaatii guddaa keessa darbameeti. Namni dhufee asitti hojjetu kun yoo
deemellee gamoo (warshaa) ijaare sana buqqifatee, konkolaataa fe’atee dhufee itti
hojjetaa tureefi jiru waan fudhatee hindeemneef qabeenyuma biyyaafi hawaasa
naannawaa ta’a. kallattiinis ta’e alkallattiin qabeenyichi biyyuma kanatti hafee faayidaa
dinadgee biyyattiitiif oola.
Kanaaf qabeenyi biyya tokko keessa jiru namni hojjetee horate lammii biraa yoo ta’ellee
faayidaansaa kanuma naannawa sanaa ta’uu hubachuun barbaachisaadha. Erga
faayidaansaa kan namoota naannawaa ta’ee eeggachuufi tikfachuunis lammiidhuma
naannawa sana jirurraa kan eegamuudha.
Namni tokko hawaasa ykn saba kana amanee qabeenya baroota dheeraaf itti
dhama’eefi dafqee horatee gaafa qe’ee keenya keessatti dhangalaasu amantaafi
ilaalcha gaarii nurratti qaburraa ka’eeti. Jara kana keessattin hojjedha, gumaachaaf
jedhee dhufe.
3|Page
Nama amantaa akkanaatiin qabeenyasaa guduunfatee nu bira dhufe abdii kutachiisuun
amantaafi hojiilee invastimantii gara fuulduraarratti rakkoo waan fiduuf qabeenyisaa kun
kan keenya ta’uu hubachuun kunuunsaafi eegumsa gochuufiin daran barbaachisaadha.
Fakkeenyaaf warshaan tokko namoota 100 tokko mindeessa, galteewwan qonnaan
bultootaafi daldaltootarraa fudhata. Omisha omishee gurgura. Kun ammoo gabaa
tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa qabaata. Alattis ergee sharafa argamsiisa.
Egaa kana keessaa kallattiinis ta’u alkallattiin kan fayyadamu sabootaafi
sablammootuma biyya kanaati.
Kanaaf waan na fayyadurratti tarkaanfii badii fudhachuun sirrii miti yakkasi. Mormuun
mirga ta’ee otoo jiruu qabeenya barbadeessuufi dhala namaa miidhuu wajjin maaltu
walitti fide? Barsiifanni akkasii hafuu qaba.
Egaa waanti hundi keenya hubachuu qabnu gaafa mufannaa guddaan uumamu, gaafa
dargaggoonni miira keessa galan qisaasama akkanaa fuduun waan biyya keenyaa qofa
mudate akka hintaaneedha. Waanti akkasanii biyya kamittuu ni uumama.
Rakkinni biyya kanaa kaappitaala ta’uunis hubatamuu qaba. Kaappitaalli kun ammoo
gamoodha, warshaadha, konkolaataadha. Warra akkanaati biyyoota guddatan keessatti
rakkoo guddaa ta’ee kan jiru. Kanaafuu qabeenyuma xiqqoo harka keenya galte
kanallee of harkaa mancaasuun sirrii miti. Amaleeffannaan akkanaa tasumaa hafuu
qaba. Ummanni hundi harka walqabatee kanarratti hojjechuu qaba. Qabeenya
naannawasaa jiru akkuma kansaatti kunuunsuufi tiksuu qaba.
4|Page
Qabeenyichiifi faayidaan achirraa argamu kan biyyaafi hawaasaa ta’uurratti gorsa
kennuun barbaachisaadha. Faayidaan akkamii akka dhaabbilee kanneenirraa argamu
sharafanii sirnaan ibsuun barbaachisaadha. Kun qabeenya akka hinabadne gochuu
keessatti shoora olaanaa taphata.
Hokkara ka’u hunda keessatti qabeenya barbadaa’aa deema taanaan daldalaaf maaliif,
maaliinis daldala? Akka caccabu ho beekaa maaliifin dhama’a?, Dafqa koos
dhangalaasa jedhee abbaabn qabeenyaa abdii kutachuu danda’a. ofitti amanumammaa
bizinasii miidha kan jedhameefis kanumaafi.
Hawaasni keenya duruu bal’inaan daldala keessa hinjiruu ishuma harkasaa jirtu
kanallee baasee gaafa daldalatti galuuf jedhutti gochoonni akkanaa amaleeffamii
guyyaa gara guyyaatti hammaataa deemu yoo ta’e namni gara invastimantiitti ykn
bisizinisiitti deemuurra qarshiisaa baankii kaawwachuutti deebi’a.
Kun ammoo guddina dinagdee karaatti hambisa, quucarsa. Kun ta’uun ammoo hojii
bizinasii qisaasessa. Kanaaf hokkarri ka’u oggaa ishuma harkaa qabuu harkaa facaasu
rakkoo hamaaf saaxilamna. Gara fuulduraatti jabaannee akka hinhojjenneef danqaa
ta’a. Ija jabaatee gara daldalaatti akka hinseenne godha. Kun lammata akka hintaaneef
xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuu qaba.
Kanaafis abbootiin qabeenyaa keenya hariiroo hawaasa wajjin qaban cimsachuu qabu.
Abbaan qabeenyaa tokko biyya hiixuudhaa dhufee naannawa kanatti invasti godha yoo
ta’e ummata wajjin hariiroo hawaasummaasaa cimsachuu qaba. Waa’ee hojii hojjetuu
faayidaasaa wajjin ummataaf ibsaa deemuunis bu’aa qabaata. Hojiinsaa jijjiirama
naannawa sanaatiif bu’aa waan qabuuf kanas ummataaf ifa gochuu qaba.
Namni miira keessa waan galeef, keessumaa waanti akka ajjeechaa Artisti Haacaaluu
Hundeessaa guddaa xiqqaa, beekaa wallaalaa miira keessa kan galcheedha. Waantota
akkanaa tasgabbiidhaan akka furamu gochuu malee mootummaadhaanis ta’e qabbaa
qabeenyaatiin humnaanin tarkaanfii fudhadhaan rakkoo biraa dhaluu mala.
5|Page
Kanaaf akka itti dafanii karaa nagaatiin jidduu galamurratti gadifageessanii yaadu
barbaachisa, irrattis hojjetamuu qaba. Waanti akkanaa kan yaadamuu qabu oggaa
rakkoon uumamu otoo hintaane lafa jala ta’uu qaba. Adeemsa kana sirreessuun waan
waggaa guutuu ittifufiinsaan hojjetamuu qabuudha.
Oggaa rakkoon uumamuu haala kamiin to’achuun akka danda’amirrattu lafa jala
xiyyeeffannaa hojjetamuu qaba. Aadaa keessatti duudhaan walitti bu’iinsa ittifuran
cimaan waan jiruuf kanattis fayyadamuun murteessaadha.
Charinnat Hundeessaatiin
6|Page