You are on page 1of 7

Seenaa hojjechuun seenaa barreessuu ni caala.

Abbaa seenaa ta’uuf


haa carraaqnu.

[DOCUMENT TITLE]

Kitaaba Seenaa,Muudannoo fi Durdurii Barataa Tashoomee


Gonfaa Goofteen
.

Teshome Gonfa
M.Sc Student @  (Jimma Institute of Technology)
December 26, 2022 Seenaa Jireenyaa Barataa Tashoomee
Gonfaa

.Boqonnaa Tokko

Seenaa Jireenyaa Barataa Tashoomee Gonfaa

Tashoomeen abbaa isaa obbo Gonfaa Gooftee fi Harmee isaa aadde Habashuu Abarraa irraa
Sadaasa 18,1986 A.L.I Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Abuunaa Gindabarat ,
Ganda Gooroo Dhoqonuu Konyaa ykn Gooxii Migiritti dhalate.Maatii isaatiif 6ffaatti kan
dhalate,yoo ta’u obboleewwan saddet qaba.Umrii isaa hanga barnootaaf gahutti achuma maatii
isaa biratti jabbootaa fi loon tiksuun guddate. Tashoomeen maqaa harmeen isaa
moggaafteefidha.. Namoonni ollaas baay’een isaanii maqaa kanaan waamu. Haa ta’u malee
hiriyoonni isaa muraasni fi ollaan isaa tokko tokko maqaa abbaan isaa moggaaseef “Ifaa
“jedhanii waamu.Sababii yeroo sana jecha kamtu hiikkaan moggaasa isaa afaan oromoo isa
kamtu ammoo afaan amaariffaa akka ta’e waan hin beekneef gaaafa umriin isaa barnootaaf ga’u
maqaa Tashoomee kanan galmaa’e.Tashoomeen(Ifaan) sadarkaa umrii ijoollummaa isaatti
hiriyoota fi namoota baay’een jaalatamaadha.Keessumaa, dargaggoo Tacaanaa Mokonninin akka
haadha isaatti osoo baatuu fi dhungatuu guddise. Ijoollee osoo ta’ee jiruu akka nama ga’eessatti
dubbiiwwan namni haasan irra deebi’uun akka jaratti haasa’a.Dandeetti waa qabachuu ni qaba.
Sababni isaa Maatiin isaa Pirotestaantii waan ta’aniif waaqeffannaaf gaafa Mana Amantaa
deeman faarfannaa fi Lallaba sagalee Wangeelaa maatii isaaf irra deebin dhiyeessa.Akkasumas
obboleessi isaa Girmaa Gonfaa qubee A B C D….barreesse kenneefii osoo mana barumsaa hin
galiin hunda isaa lakkaawuun fixee maqaa namootas barreessu fi Luqqisii macaafa Qulqulluu
barreessu danda’eera.Akka ammaa kana Oolmaa Daa’immanii hin jiru ture

Gaafa umriin isaa wagga saddeet ta’u bara 1994 mana barumsaa Gooroo Dhoqonuu sad.1 ffaatti
barnoota isaa eegale.Manni barumsichaas deemsa sa’aa tokkoo ture.Kutaa 1ffaa qofatti sadarkaa
2ffaa bahe.Kutaa 2ffaa hanga kutaa 4ffaa sadarkaa 1ffaabahuun barnoota isaa hanga kutaa afurii
xumure.Manni barumsaa yeroo sana hanga kutaa 4ffaa malee Ganda Gooroo Dhoqonuu waan
hin turreef gara Mana barumsaa Gooroo Furxootti darbuun kutaa 5ffaa isaa hordofuu
eegale.Manni barumsaa G/Furxoo Sad.1ffaa baay’ee irraaa waan fagaatuuf(deemsa sa’a 5:30)
maatii irraaa adda bahee achi taa’uu murteesse.Achittis Kutaa shanaffaa qofatti 4ffaa bahe malee
hanga kutaa 8ffaatti 1ffaabahuun xumure.Qorumsa biyyoolessaa kan kutaa 8ffaas Qabxii Giddu
galessa 83 fi Parsentaayilii 99.84% galmeessu danda’eera.Barnoota isaa sadarkaa 2ffaa ammo

TESHOME GONFA 1
December 26, 2022 Seenaa Jireenyaa Barataa Tashoomee
Gonfaa
mana barumsaa Bakkee qalaaxee sad.2ffaa itti bara 2003 barachuu eegale.Achittis bara sana
sem.jalqabaa 1ffaa bahuun barnoota semisteera 2faa ammo sababbii obboleettiin isaa Birrii
Gonfaa dhukkuba Gifiraan boqotteef gadda isheef maatii bira deemee ofiifis dhukkubichaan
qabamuun gadda irratti dhukkuba sana waliin rakkoo waaan itti ta’eef barnoota isaa hordofuun
baricha barnoota isaa addaan kute.Birriin deesse torban lamatti Amajjii 29/2003 A.L.I addunyaa
kanarraa du’aan boqotte.Innis baay’ee gadda isheen waan miidhameef barnooticha addaan
kutuun mucayyoo isheen irraa duute wal’aanuuf gara Hospitaala Gindebarat fuudhee
deeme.Obboleettii isaa Baatirii wajjiin ji’a tokko achi turuun booda Abban isaa Gonfaa Gooftee
dhufee akka barnootatti deebi’u gaafatus barnootni sem.2ffaa hundi waaan jala tareef dhiisuuf
dirqame addaan kutes baricha.

Haaluma Kanaan barnoota isaa kutaa 9ffaa bara 2004 itti deebi’uun baratee xumuruun barnoota
kutaa kurnaffas bara 2005 xumure.Qorumsa biyyoolessaa kan kutaa 10ffaas gosa barnoota
saddeet A galmeessuun, Fiiziksii fi Afaan Amhara qofa B galmeessuun 4(afur) galmeesse
Bulchaa Bulchiinsa Godina shawaa lixaa obbo Lachiisaa Hayyuu irraa badhaasa warreen afur
galmeessaniif Biiroon barnoota Godinichaa qopheesse qooddachuu danda’eera.

Fakkii Qorumsichaa fi Certificate badhaasichaa

TESHOME GONFA 2
December 26, 2022 Seenaa Jireenyaa Barataa Tashoomee
Gonfaa
.

Bara 2006 A.L.I kutaa 11ffaa barachuu eegale.Baricha osoo barnoota isaaa haala gaariin
hordofaa jiruuu ammas muudannoon tokko is quunname.Muudannichis obboleettii isaa Ayyaluu
Gonfaa Gaafa guyyaa 16/6/2006 A.L.I rasaasa tasa obboleessa isaa Girmaa harkaa dhukaateen
miila rukutamtee gara Hospitaala Leenca Gurraacha(Tikur Anbassaa) geeffamte waliin
wal’aansaaf ykn dhukkubsachiiaa ta’ee naannoo guyyaa 40 achi waliin ture.Yeroo kun barnoota
isaaa qophaayinaaf murteeesssaa waan ta’eef qo’annaaf daree galee barachuun baay’ee itti
rakkoo ta’e.Rakkoowwan jeeqamuu maatii isaa fi haala xiinsammuun miidhamuun barnoota
isaaa 1ffaa bahaa ture gara sad.2ffaa bahuuun xumure.Itti fufuuun bara 2007 qormaata seensa
dhaabbilee olaanoo fudhatee qabxii darbinsaa 420 galmeessuun Yuniversiitiii Jimmaa damee
barnoota EIngineeringiin barnoota isaa itti fufe.Bara barnoota wagga jalqabaa bara 2008 nagaan
xumuree Injineeringii jalaa muummee makaanikaalii filachuun gara waggaaa 2ffaattis
darbe.Haaluma Kanaan bara barnoota 2009 waggaa 2ffaa osoo hordofaa jiruu fulbaana 22/2009
Ayyaana Irreecha Harsadeetti Mootumman yeroo sana jibba oromoo irraa qabu Uummata
irreefffanna bahe irratti ajjeechaa raawwachuun namootni ngaa yoo xiqqaaate 50 ajjeese.Du’aatii
lammiii koo osoon arguu barachuun naaf hin ta’u jechuun barattoonni fincila diddaa garbummaa
kaasan.Haaluma Kanaan barattoonni dhaabbilee olaanoo kan universiitii Oromiyaa keesssaa jiran
barataan oromoo marti sochiiwwan akka barnoota dhaabuu,nyaata lagachuu,fi dhaadannoowwan
akka Down down woyane jedhu uun fincila isaanii finiinan.Maarree Tashoomeenis isaan keessa
isa tokkodha.Haaluma Kanaan gaafa guyyaa 13/3/2009 A.L.I Hiriyoota isaa kanneen akka
Saamu’eel Gurmuu,Waaaqanbon Awwaqee,Dagaagaa Faqqadee,Dabalaa fi Huseen fa’a wajjiin
daree irraa butamuun gara waajjira Pollisii Godina Jimmaatti geeffaman.Erga to’annoo seeraa
jala oolanii guyyaa tokkoo illee mana murtiitti osoo hin dhiyaatiin ji’a lamaaf waajjira Poolisii
sana tursiifaman.Gaafa guyyaa 12/5/2009 halkan keessa sa’a 2:00 gara Leenjii Polisii
Federaalaa kan Xoollayitti argamuu haaromsa isin barbaachisa jechuun guyyaa 45 niif achitti
dararamaa turan.Keessumaa reebichaaa fi Ispoortiin adabbii irratti raawwateera.Gaafa buufata
Leenjiii poolisii xoollayi bahani barnootni semistera 1ffaa xumuramee barattoonni kuun
boqonnaa bahaaniiru.Haaluma Kanaan barnoota keessan Withdrawal guutaa galaa jedhamnee
waan seenetiin murteeffameef baricha adddan kutuun gara maatii keenyatti galle. Dr.Abiyyi
muummicha Ministeera Itiyoophiyaa ta’ee muudamuun riformiiwwan garagaraa waan

TESHOME GONFA 3
December 26, 2022 Seenaa Jireenyaa Barataa Tashoomee
Gonfaa
taasiseef,hidhamtoota siyaasaf dhiifama godhee waan mana sirreessatii baasef barattoonni fi
Ummanni hidhamtootaf simannnaa taasisan.Kanaaf gaafa guyyaa 13/10/2010 Dirree kubbaa
miilaa kan magaalaa Jimmatti Abbootin gadaa baga baatan jechuuf sagantaa qopheessan irratti
osoo warren simannadhaa galan sirbaa deemanii Rayyan ittisa biyya kan kutaa lixaa fulduree
mooraa koollejjii qonnaa Universitii Jimmaattti argamu fu;lduratti dhukaasa itti banuun kuun
reebanii kun ammo madeessan.Haala Kanaan fulduree mana Barumsaa sad.1fffaa Dilfireetti
barataa Tashoomee reebicha ssukkanessaa irrattti raawwataniin lubbuun hamma du’uu ga’utti
reebanii deeeman.Isaan inumaa ajjeesne jedhanii sokkan.Namoonni jalqaba lafaa isa kaasanis
akka du’etti udhatanii fuula midiyaa feesbookii irratti maxxansan.Garuu lubbuun hafuu isaa
gaafa baran Ambulaansiin gara Hospitaala Referala JImmaa geessun wal’aanamee
fayye.Qormaata xumura(finally)kan sem.sanaas addaan kutee gara mana gale.Koorsiiwwan bara
sana osoo hin qoramiin hafan fulbaana bara 2011 qoramee xumuruu gara wagga 3ffatti
ce’e.Achhiin booda barnoota isaa isa hafe hordofee xumuruun Hagayya 01/2013 ykn (August
07/2021) barnoota isaa digrii jalqabaa qabxii 3.51 xumure.Haala wal fakkaatuun waraqaa
qorannoo kan eebbaa isaatiin (Project for final Thesis) 1ffaa wan baheef Jimmaa Universiitii
akka barnoota isaa digrii 2ffaa baratu scholarship kenneef.Achuma Universittii Jimmatti
Barnoota isaa Maastersii muummee barnoota manufakcheriingi system
Injineeringin( “Manufacturing system Engineering”) bara 2022 eegale.

HAALA GAAYILA ISAA

Tashoomeen dhaloota isaa irraa jalqabee hanga barnoota isaa dhaabbilee olaanoo eegalutti
hiriyaan isaaa barruulee fi kobbee akkasumas darbee darbee hiriyaa dhiiraa qofa ture.Haa ta’u
malee bara 2009 akka mana hidhaatii baheen gaaffin tokko sammuutti dhufte.Innis osoon yeroo
sana na ajjeesaniiru ta’ee du’ee fakkaattii koos osoo bakka hin buusin namnillee kan ittiin maqaa
na dhawu dhabuu koodhami kan jedhu gaaffii sammuu isaa keessa deddeebitu taate.Haala
Kanaan Manguddoonni olla fi adaadawwan isaa isa jajjabeessuun udhadhuu koottu dhala malee
haftaa osoo duute iyyuu fakkaatti kee hin qabdu nutu siif guddidsa barnoota kee ammo ni
xumurta isaan jechuun jajjabeessan.Akkaatuma Kanaan Bakka itti baratu Jimmaa irraa durbee
Samiraa(Gaaddisee) A/Rashad kan aanaa Dedoo ,ganda Allaamee Gudddatti dhalatte fuudhatee
gale.Baruma sana erga ji’a 3 waliin turanii booda garatti baachuun,haala jireenya biyya Sanaa
wallaltee gara Jimmatti deebite. mucaa Maqaansaa Falmataa Tashoomee jedhamu Mudde

TESHOME GONFA 4
December 26, 2022 Seenaa Jireenyaa Barataa Tashoomee
Gonfaa
27/2010 deesse.Hanga 2013 jalqaba isaatti baay’ee wal jaalatu turan.Garuu isheen oduu fi
wantoota tokko tokko shakki waan guuttamteef bara 2013 jalqaba eegalee hanga har’aa jaalala
durii dhiistee shakkii fi jette jettee namaa funaanuun osoo inni sossobuu waliin turaniiru.Haa ta’u
malee yeroo ammaa kana rakkoowwan keesssoo tokko tokko fi icciti aniif isheen beeknu rakkoo
cimaaf saaxilamne.Rakkoo kanas ana ykn ishee osoo hin taane kan lamaan keenyaati.Garuu
jaalalli hanga rakkootti qofa waliin turuu osoo hin taane hanga dhumaatti waliin turuu ture.Ani
akka nama barateetti guyyaa 700 ykn wagga lamaa oliif sossobee akka jaarsattis gorse itii himee
diddeetti.Kanan sossobus ani maatii koorra cite isheenis maatii irraa cittee fedhii lamaan keenyan
waan bulti ijaarref har’a dhiise yoon deeme cubbuu natti fakkaateti.Garuu isheen kanan sossobu
akka waan Tashoomeen jaalala nama biraa wajjiin eegaletti fudhatteeti.Ani sababbiin guddaan
sossobuuf:-

 1ffaa waan kaleessa dheengadda dubbanne waadaa walii galle hin diiguu jedheeen
 2ffaa Mucaan keenyi Falmataan haadhas abbas adda hin bahinif
 3ffaa waanan jaaladhuuf ture

Kunis waa lama natti mullise.Inni tokko isa oromoon “Niitiin gabaadhaa fuudhan gabaa keessa
baddi” jedhanii fi akkasumas nama yoo hanga qarshii qabdutti qofa si jaalatu ta’uu isheeti.Kun
garuuu akkas tahuu hin qabu ture. Jaalalli ijoollummaa akka dullummaatti ykn hanga du’aatti
malee isa hanga of harkaa qabanitti waliin kolfaa gaafa dhumu walitti kolfuu miti.Ani dhabe
yeroon jedhus akkan dhabuuuf sababbiin guddaan isheedha.Akka muuzii keessoo nyaatanii qola
gatan na goote.Waanan qabu mara na harka erga babballeesitee beektes haa tahu wallaltee
qarshii biyya alaa ittiin deemuuf hundasaa daldaalaf kennitee harka duwwaatti na
hanbiifte.Garuu homaa miti qajeelummaa kan godhuuf boruunsaa ni tola; inni haqqii namaa
nyaatuu fi shira namarratti xaxu gatii hojii isaa ni argata.Sababbiin isaa Rabbi akka namaa miti
hundumasaa isa sirrii hojjete isa daba yaadus ni madaalee hojii isaa kennaaf.

TESHOME GONFA 5
December 26, 2022 Seenaa Jireenyaa Barataa Tashoomee
Gonfaa
.

TESHOME GONFA 6

You might also like