You are on page 1of 110

SAKATTA’A AYYAANA IRREECHAA GODINA ARSII AANA LEEMMUU FI

BILBILLOO MALKAA KATAARAA

ASHANNAAFII CAALAA

GORSAAN: SILASHII BIRAANUU (PHD)

WARAQAA QORANNOO DIGIRII LAMMAFFAA (MA) GAMISAAN GUUTTACHUUF


QOPHAA`E, MUUMMEE AFAAN OROMOOFI OGUMAAF DHIYAATE

YUUNIVARSIITII ARSIITTI, KOLLEEJJII SAAYINSOOTA HAWAASAAFI NAMOOMAATII.

MUDDEE, 2020/2013

BOQOJJII
YUUNIVARSITII ARSII KOOLLEEJJII SAAYINSOOTA HAWAASAA FI
NAMUMMAATII MUUMMEE AFAAN OROMOO QORANNOO ITTI GUUTIINSA
BARNOOTA DIGIRII LAMMAFFAA ( MA )

SAKATTA’A AYYAANA IRREECHAA GODINA ARSII AANAA LEEMMUU FI


BILBILLOO MALKAA KATAARAA

BOORDII MIRKANEESSE

Gorsaa: Dr.Silashii BiraanuMallattoo___________Guyyaa______________

Qaraa Alaa__________________________Mallattoo___________Guyyaa______________

Qoraa Keessa________________________ Mallattoo__________Guyyaa______________


Axeerara
Qorannoon kun,” sakatta’a ayyaana irreechaa uummata oromoo godina arsii Aanaa
Leemmuufi Bilbilloo Xiyyeeffannaa malkaa kataaraa” jedhu yoota’u, qorannoo kana
hojjechuuf kan nakakaase ayyaana irreechaa sirni waaqeffannaan ‘’waaqa tokkichaa’’
nageenya, jaalalaa, araaraa fi tokkummaa of-keessa qabu kana dhaloon ammaa akka
barruuf. Dabalaatan duudhaa fi safuu sirni irreechaa of- keessa qabu kun osoo qoratame
bu’aa olaanaa gamma siiyasaa, diinagdee fi hawwaasummaatiin buusuu danda’a jedheen
yaada. Kaayyoon qoranichaas kabaja ayyaana irreechaa uummata oromoo godina arsii
Aanaa Leemmuufi Bilbilloo malkaa kataaraa sakatta’un agarsiisuudha. Malli qorannoon kun
ittin gaggeefame mala qorannoo akkamtaatti. Malleen funaansaragaa itti gargarame:, af-
gaafii, daawwannaa fi marii gareeti. Qorannoo kanaan argannoowwan malummaa ayyaana
irreechaa fi dhiibba isarraa gaha ture, duudhaa fi Safuu hangafaan irreechaaratti qabu
ardaalee fi meeshaalee ulfoon ayyaana irreechaa gahe qamoole hawaasa adda addaa fi
sirnoota kabaja ayyaana irreechaa irratti rawwaataman, maal akka fakkatu bira gahamee
jira. Duudhaan Oromoo ganamaa kun dhalootaa dhalootaatti akka darbuuf
nageeenya,jaalalaa fi tokkummaa biyyaatiif bu’aa olannaa guumaachuu qabu akka
guumaachuf wajjiiralee Aadaa fi Turiziimii ,dhabbilee siyaasaa,dhabbileen seerafi dhabileen
sivikii adda addaa fi Dhaabbileen Barnoota olaanoon osoo irratti hojjetanii gaariidha.

i
Galata
Duraan dursee yeroo hojii waraqaa qorannoo kana hojedhu nacinaa dhabachuun
deegrsa ogummaa na taasisuun ala kitaabaafi ragaa qorannoo kootiif na deegaru naaf
kennuun kan nagaraaraa turan barsiisaa fi gorsaa koo Silaashi Biraanuu ssss(PHD)
galanni guddaan onnee irraa madde isaan haagahu.

Itti aansuun, wayittin hojii kana hojjechaa turetti hamilee koo cimsuu fi itti
gafatamummaa maatii narra ture hundaa fudhachuun deeggersa gama hundaan naaf
taasisaa kan turteef haadha warraa koo addee Ayyaantu Magaarsa galanni koo
guddadha.

Akkasumas, hiriyyoota koo yaadaafi deeggersa naaf laachaa turtan ba/Sa Wandu
Hundee, ba/sa Balchaa Mi’echaa, funaansa ragaafi deegrsa yeroo kamiyyuu kan
nabiraa hinhafne ba/sa Isayas Shiffaara galta argadhaa.

Kan biroo wajjiira koominikeeshinii fi Aadaa fi Turziimii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo


keessatti eksipartoota jiraan obboo Jawwaaro Titiirii ,obboo Fayisaa Waqushee fi dura
ta’aa mana baruumsa sadaarka lammaffaa Leemmuu Bar/sa Mindaa Tuffaa yeroo
argadhee raga akka funaannadhuu fi ragaalee tokko tokko nafii keenun deegarsa isin
naaf gootan kan yeroo kamiyuu hindagannee yoo ta’uu tumsa keessaniif galatoomaa.

Walumaa galatti qoranoo kun akka naaf milkaayuuf qamooleen deeggersa naaf gootan
Waajjira Aadaafi Turizimii godina Arsii, Waajira Aadaafi Turizimii Aanaa Leemmuu
fi Bilbiloo, Waajira Bulchiinsa Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo , Wajjiira Koominkeshiini
Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ,Waajjira Misoomaa Mallaqaafi Dinagdee Aanaa
Leemmuu fi Bilbiloo keesumaayuu daagarsa ogeessi waajjira aadaafi turizimii fi
Kominiikeshiini Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo Obboo Fayisaa Waqushee fi Jawaroo
Titiirii sgalanni isin haagahu, akksumas manguddoota raga qorannoo kootiif kennuun
naaf gumachitan hundi ulfaadhaa, umrii dheeraa jiraadhaa hora bula.

ii
Jibsoo

Jecha Hiika qorannoo kana keessatti qaban

Ofkaltii Araaraa waaqa


Dabballee gogeessa Gadaa Raabaa Jedhamu
Dhibdee Rakko ,
Dhabduu dubartii daa'ima hindeenya
Dhibaayyuu aananna safuu malkaaykn tullutti dhalasan
Dhiltee dhinnaa dubartii siinqee qabdu hookaltii gaafachuu
Diigala da'iima ga'elaan alatti dhalate/dhalatte
Elemtuu meshaa aannan itti elmamu
Fira dhiigaa fira abba torbaafi asitti walgahan
Gaadii meeshaa sa'a ittin gaadi'anii elman
Ala galee Kan ofii kan hin tane
Hangafa dura kan dhalate
Haraamuu dhala qunamtii fira dhigaan dhalate
Gogeessa walduraa duuban hiriiruu
Gogeessa Gdaa marsaa gadaa / miseensa Gdaa
koomii Mufii
Gumii mana maree Gadaa kan seera tumu
Irreessa araaraa irreessa tulluu /afraasaa
Ulfaa irreessa malkaa /birraa
Lallaba seera labsuu
Malkaa saaquu eebba abbaa malkaa malkaatti raawwatu
Oklee meeshaa aannan iiti elman
Ciicoo meeshaa anaanni itti qabatan

iii
BAAFATA
QABIYYEE FUULA

Axeerara ................................................................................................................................................... i

Galata ...................................................................................................................................................... ii

Jibsoo ..................................................................................................................................................... iii

BAAFATA............................................................................................................................................. iv

BOQONNAA 1 ....................................................................................................................................... 1

SEENSA QORANNICHAA ................................................................................................................... 1

1.1.Seen-Duubee Qorannichaa ................................................................................................................ 1


1.2.Ka’uumsa Qorannichaa ................................................................................................................ 2
1.3.Gaaffilee Bu’uura Qorannichaa ................................................................................................... 5
1.4.Kaayyoo Qorannichaa .................................................................................................................. 6
1.4.1.Kaayyoo Gooroo .................................................................................................................... 6
1.4.2.Kaayyoo Gooree .................................................................................................................... 6
1.5.Barbaachisummaa Qorannichaa .................................................................................................. 6
1.6.Daangaa Qorannichaa ................................................................................................................. 7
1.7.Hanqinaalee Qorannichaa............................................................................................................ 7
1.8.Haala Waliigala Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ............................................................................... 8
1.9.Qindoominna Qorannichaa ........................................................................................................ 11

BOQONNAA LAMA ........................................................................................................................... 12

SAKATTA’A BARRUU ...................................................................................................................... 12


2.1.Maalummaa Oromoo .................................................................................................................. 12
2.2.Sona Hawwaasaa /Social Norms/ ............................................................................................... 12
2.3.Hawaasummaa /Socialization ..................................................................................................... 13
2.4.Yaadrimee Safuu,Duudhaa,Ayyaana fi Uumaa .......................................................................... 13
2.4.1.Safuu .................................................................................................................................... 14
2.4.2.Duudhaa ............................................................................................................................... 18
2.4.3.Ayyaana ............................................................................................................................... 19
2.4.4.Uumaa fi Uumama ............................................................................................................... 20
2.5.Iddoowwan Ulfoo fi Meeshaalee Ulfoo Kabaja Ayyaana Irreechaa .......................................... 21
2.5.1.Malkaa.................................................................................................................................. 22
2.5.2.Tulluu ................................................................................................................................... 24
2.5.3.Odaa ..................................................................................................................................... 25
2.5.4.Marga Lattuu /Saardoo/ ....................................................................................................... 26

iv
2.6.Meeshaalee Ulfoo Ayyaana Irreechaa ........................................................................................ 27
2.6.1.Kallacha ............................................................................................................................... 27
2.6.2.Caaccuu ................................................................................................................................ 29
2.6.3.Bokkuu ................................................................................................................................. 29
2.6.4.Siinqee.................................................................................................................................. 30
2.6.5.Jaanoo .................................................................................................................................. 31
2.7.Sirna Gadaa Oromoo .................................................................................................................. 32
2.8.Ayyaana Irreechaa Sakatta’a Barruu Keessatti. ........................................................................ 32

BOQONNAA SADII ............................................................................................................................ 34

MALA QORANNICHAA .................................................................................................................... 34


3.1.Saxaxaa Qorannichaa ................................................................................................................. 34
3.2.Madda Ragaa Qorannichaa........................................................................................................ 34
3.3.Meeshaalee Ragaan Ittiin Funaannamu ..................................................................................... 35
3.3.1.Af-gaaffii.............................................................................................................................. 35
3.3.2.Daawwannaa ........................................................................................................................ 37
3.3.3.Marii Garee .......................................................................................................................... 38
3.4.Iddattoo fi Mala Iddatteessuu ..................................................................................................... 39
3.5.Qaacceessa Ragaalee ................................................................................................................. 40
3.6.Naamusa Ogummaa .................................................................................................................... 40

BOQONNAA AFUR ............................................................................................................................ 42

QAACCEESSA RAGAALEE .............................................................................................................. 42


4.1.Maalummaa Irreechaa................................................................................................................ 42
4.1.1.Irreecha Malkaa.................................................................................................................... 43
4.1.2.Irreecha Tulluu ..................................................................................................................... 45
4.2.Duudhaa fi Safuu Ayyaanni Irreechaa Of keessaa Qabu. .......................................................... 47
4.2.1.Duudhaa ............................................................................................................................... 47
4.2.2.Safuu .................................................................................................................................... 48
4.3.Gahee Maanguddoo,Dubartoonni fi Dargaggoonni Kabaja Ayyaana Irreechaa Irratti Qaban 53
4.3.1.Gahee Maanguddoota Kabaja Ayyaana Irreechaa Irratti ..................................................... 53
4.3.2.Gahee Dubartootaa Kabaja Ayyaana Irreechaa Irratti ......................................................... 55
4.3.3.Gahee Dargaggootaa Kabaja Ayyaana Irreechaa Irratti ....................................................... 56
4.4.Ardaalee fi Meeshaalee Ulfoo Sirna Kabaja Ayyaana Irreechaa............................................... 57
4.4.1.Ardaalee Ulfoo ..................................................................................................................... 57
4.4.2.Meeshaalee Ulfoo Kabaja Ayyaana Irreechaa ..................................................................... 62
4.5.1.Sirna Uffannaa Ayyaana Irreechaa ...................................................................................... 70
4.5.2.Sirna Irreeffannaa ................................................................................................................. 71
4.5.3.Sirna Dhibaayyuu ................................................................................................................. 72
4.5.4.Sirna Moggaasa Maqaa ........................................................................................................ 73
4.5.5.Sirna Dhibdee Hiikuu........................................................................................................... 73

v
BOQONNAA SHAN ............................................................................................................................ 76

XUMMURA ......................................................................................................................................... 76
5.1.Cuunfaa ....................................................................................................................................... 76
5.2.Argannoo..................................................................................................................................... 81
5.2.Yaboo .......................................................................................................................................... 82

Wabiilee ................................................................................................................................................ 84

Dabalee –A.............................................................................................................................................. 1

Namoota Af-gaafii Waliin gaggeefame godina Arsii Aanaa Lemmuu fi Bilbilootti raawatame. ........... 1

Dabalee B ............................................................................................................................................... 2

Dabalee C ............................................................................................................................................... 3

Dabalee E ............................................................................................................................................... 5

vi
Suuraa 1 Godina Arsii Kaartaa Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo .............................................. 11
Suuraa 2 Sirni faloo irreechaa malkaa kataaraa irratti rawwaatamu mul’isu ................... 54
Suuraa 3 hirmaana abbooti gadaa fi wajjiira Aadaa fi Turiziimii wajiin qaban muli’su ..... 54
Suuraa 4 Gahee dubaartonni Ayyaana Irreechaa keessatti qaban agarsiisu ..................... 56
Suuraa 5 Gahe dargaggoon kabaja ayyaana irreecha malkaa kataaraa irratti qaban mul’su
.................................................................................................................................................. 57
Suuraa 6 Haawwan Siiqee qabatanii Ateetee Bahana .......................................................... 69
Suuraa 7 Sirnii irreefana malkaa kataaraa Aanaa Leemmuu Bilbiloo yeroo rawwaatamu
mul’isuu.................................................................................................................................... 72

1
BOQONNAA 1

SEENSA QORANNICHAA

1.1.Seen-Duubee Qorannichaa

Oromoon saba guddaa baha Afrikaati . Sabni kun sirna bulchiinsa dhuunfaa isaa ta’e qaba;
innis sirna gadaa jedhama. Sirni gadaa dhaabbata Oromoo isa guddicha; innis madda
dimookiraasii hawaas-siyaasa sirna bulchiinsa ittiin gaggeessani . Sirni gadaa kan dagaage
beekumsaa yeroo dheeraa fi muuxxannoo dhalootaa hawaasicha irraa maddeeni . Sirni gadaa
dhimmoota kan akka siyaasa, diinagdee, hawaasa fi amantii uummata Oromoo too’ata. Sirni
gadaa sirnoota heddu of keessatti qabata. Isaan kunis kan akka Ateetee, Siiqqee, Irreecha,
Guddifachuu, Jaarsummaa, Moggaasa, Harma hoosisuu, fi caacculee bulchiinsa Oromoo
kanneen biroo hammata (Haile, The Gada System of the Tulama Oromo, 2014).

Uummanni Oromoo eenyummaa isaanii kan beeksifatan weedduudhaan, faaruuwwan


aadaatiin, fakkeenyotaa, hiiboowwaniin fi kkf ta’anii kanneen salphumatti yaadachuuf haala
mijataadhaan kan akka diraamaa, sirba, sirna ayyaanaa fi kanneen biroo keessatti agarsiisaaf
oolanitti dhimmi bahu. Keessumaa, ayyaanonni aadaa hawaasa Oromoo duudhaa fi safuu
uummata Oromoo akkaataa Oromoon itti yaadu, miireffatu, fi akkaataa jireenya ittiin
madaalan ibsa gahaa kennu. Dhugaa kanarratti hundaa’uun, qorannoon kun bu’uuraan
milkaa’ina ayyaana Irreechaa iraatti xiyyeeffata (Gurmessaa, 2015).

Irreechi ayyaana Oromoon ganama erga akka sabaatti beekame irraa kaasee waggaatti si’a
lama kabajatudha. Irreechi ayyaana birraa (Fulbaanaa fi Onkololeessa) Oromoon Waaqa waa
cufa uumeefi wantoota jireenyaaf barbaachisan hunda isaaniif kenne galateeffachuun
kabajatu. Waaqni kan yaadamu qulqulluu, kan iddoo hundatti argamu, daangaa hin qabne,
kan harkaan hin qabamne fi cubuuf, akkasumas soba raawwatame hundaaf obsa kan hin
qabne akka ta’etti hubatu (Haile, The Gada System of the Tulama Oromo, 2014).

Irreechi ayyaanota heddu jiran keessaa gochoota amantii fi mit-amantii jireenya Oromoo
ibsuuf mallattoo isa guddicha. Oromoon Sirna ayyaana Irreechaa irratti Waaqni nagaa fi
tasgabbiin akka jiraatu; badhaadhummaa fi milkoominni akka jiraatuuf; seeraa fi seeraaf
abboomamuun akka itti fufiinsa jiraatu; akkasumas qilleensi baramaan naannichaa akka haala
gaariitti eeggamu kadhata. Dabalees, Oromoon yeroon rakkinaa fi gidiraan akka irra darbuuf
Waaqa waan hunda danda’u kadhata (Regassa, 2013).

1
Qaaccessi ayyaana Irreecha malkaa kataara uummata Oromoo godina Arsii“xiyyeeffannoo
Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo” jedhu kun godina Arsii keessaa aanaa Leemmuu fi Bilbiloo
irratti kan xiyyeefateedha.

1.2.Ka’uumsa Qorannichaa

Qorannoo Sakatta’aa kabaja ayyaana Irreechaa Godina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbilloo
malkaa kataaraa kana gaggeessuuf kan naa kakkaase ; uummanni Oromoo dhimmoota jiruufi
jireenya keessatti raawwataniifi, umama lafa kana irra jiraatan maraaf kabajaafi ulfina mataa
isaanii qabu. Dhimmi raawwatu kamiiyyuu akkafeeten hin raawwatu, sodaafi kabajaa uumaa
qaba. Bakka manguddoon jirutti mangudoo dura hindeeman, ilmi abbaaf, intalli haadhaaf,
Safuudha jedha. Yeroo eebbsus ta’ee yoo uumaa isaa kadhatu akka feeteen osoo hintaane
duudhaafi Safuu eegee kan raawwatuudha. Akkasumas qorannichi hiika bu’uuraa jechootaa
laachuu, faayidaa ayyaanni irreechaa aadaa Oromoo keessatti qabu addeessuu, mallattoolee
sirna ayyaana irreechaa ibsuu fi meeshaalee ulfoo Oromoonni sirnicha keessatti itti
gargaaraman barruulee walfakkiin agarsiisuudha.

Seenaa dheeraa jireenya uummatoota keessatti Oromoonni aadaa ofii isaanii, eenyummaa
isaanii, gochaalee hafuuraa fi aadaa isaanii dagaagfataniiru. Oromoon waaqa tolfamaatti
amana miti. Waaqa tokkicha uumaa ardii fi samii isa fakkaattii hin qabne fi mootii hundaa
ta’etti amanu. Waaqni bara baraan jiraataa ta’uu isaas dogoggora tokko malee humnaa fi
aangoo uumama irratti inni qabuun in beeku.

Hubannaan gadi fagoo aadaa Oromoo, siyaasaa fi dhaalli hawaasaa qorannaa sirna gadaa
waliin xiinxaluun bira gahama. Dubbuma walfakkaatuun, namni kamuu ayyaana irreechaa
hubachuu fi qaaccessuu yoo barbaade akka ka’umsaati sirna gadaatiin walbira qabuun ilaaluu
qaba (OCTB, 2016 ).

Qorattoonni garaagaraa bifa garaa garaatiin irreecha hiikuuf yaalaniiru. Admaasuun


gabaabinaan, irreechi ayyaana waggaatti yookiin raawwii waytawaa galata galfannaaf oolu
jedhe. Admaasuun dabalees yoo ibsu, Ireechi kadhata fi eebba guyyaa guyyaa ti jedhe.
Jaarraalee hedduuf, Oromonni sirna kabajaa fi galata galfannaa Waaqaa kan gaggeessanniif
arjummaa, eebbaa fi dhiifama isaatiifi (Abdiisaa, 2010).

Gosti ayyaana Irreechaa lamaanu jala bultii birraatti kabajamu. Irreechi kaaleendarii Oromoo
tiin walhidhatiinsa cimaa qaba. Ayyaana Irreechaa irratti sirni galateeffannaa fi kadhataa

2
Waaqa duratti Abbaan Malkaa Irreechaa tiin gaggeeffama. Sirni kabaja ayyaana Irreechaa
kan gaggeeffamu Tulluwwaan (lafaa olka’oo) yookiin toora lafa dhoqqaa bishaanawoo tti.

Irreechi kan gaggeeffamu baatii Fulbaanaa keessa Oromoonni cufti waggaatti ayyaana
Masqala barii guyyaa dilbataa dachii qulqulluu Hora Harsadii (Bishooftuu) fi inni lammataa
baatii Ebla keessa tulluuti ayyaaneffama. Akkasumas, idoowwan kanneen biroo kan akka
Malkaa Kataaraa (Laga Kataaraa, naannawa Magaalaa Maraaroo) irrattis ni ayyaaneffama.
Irreechi oromoota biratti kabaja ayyaana daran sirna hoo’aan waggaa waggaan xumura
waqtii gannaa Fulbaana keessa kabajamuu dha (Negasa, 2011).

Yaata’u malee, duudhaa boonsaan kun waggoota dheeran dura eegalee dhiibbaa siyaasaa,
amantiifi hawasummaatiin kan laafaa deemu ta’ee jira. Oromoon aadaa, amantaa isaa
laaffisaa amantaafi aadaa warra birootti madaqee aadaafi dudhaa bonsa mataa isaa gataa
deema jira. Kana ilaalchisee Biiroo Aadaafi Turiziimii Oromiyaa ( 2007:121) akkana
jedha.Dhuma jaarraa 16 ffaa booda sochii godhameen Oromoon Walirraa fagatanii Abbaa
Muudaa tokko qabaachuu hindandeenye. Gosin itti makamuufi duula guddaratti hirmaatan
kallatuma irra deemaniin amantii abbootii isaan duraanii gatuun irra caalaa amantii Islaamaa
yoo fudhatan kan gara Dhiyaa fi Kaaba Dhihaa akkasumas jiddu galeessa Oromiyaa jiran
immo amantii Kirstaanaa fudhatan.

Kana irraa hubachuun akka danda’amutti dhiibbaafi miidhaan alagaa aadaafi duudhaa
uummata Oromoo irraan gahaa tureen Oromoon duudhaafi amantii isaa ganamaa safuudhaan
guutame gatuun, amantaafi aadaa ormaatti madaqaa akka deemuu namatti agarsiisa.

Kanaan walqabatee, Oromoonni amantii kirstinnaa hordofan aadaa, duudhaafi Afaan Oromoo
laafsuun kana warra amantaa irraa fudhataniitti yoo madaqan Oromoonni amantii islaamaa
hordofanis aadaa fi duudhaa warra amantaa irraa fudhatanii madaquun ammas hawaasa
Oromoo biratti wanti mul’atu jira. Kanaafis, fakkeenya gaarii kan ta’u hammachisaa,
Ateetee bulchuu(facaafachu), Malkaafi Tulluuttu irreefachu lagachuu. Amantaa
sababeeffachuun fudhaafi heeruma akka duudhaa Oromootti firummaa dhigaa hanga abbaa
torbaa lakkayuun hafee, ilmaan adaadaa fi eesumaa walfuudhuun raawatama jira.

Gama biraatin Araddaawwan irreeffanaa Oromootaa irratti manni amantaafi tajaajila biro
irratti ijaaruun akka badu tasiifamaa ture. Ragaan Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Arsii
irraa argamen Tulluun Sibuu (aanaa Loodee Heexosaa ganada Maraaroo) iddoo irressa
Afraasaa kan ture manni amantaa Ortodoksii Bataskaana‟ Maaramii’’ irratti akka ijaaramee
fi iddoo irreeffannaa MalakaaWalkeessaa uummata aanaa Xiyoofi naannawa

3
Magaala Asallaa irratti argamu manni amantaa Ortodoksii Bataskaana ‘’Igizaarabii‟ akka
irratti ijaarame fi malkaan irreecha sadooye maggaala Boqqojjii keessatti argaamu kan durii
oromoon naannawwaa kana yeroo irreecha fi sirnii gadaa oromoon Tuulamaa fi Maccaa
naannoo kana jirataan itti malkaa bu’aan yeroo durii iddoo ayyaan’’ cuphaa’’ gochuun yeroo
ammaa immoo mana amantaa ortodoksii Bataskaana ‘’kirsitoos Samraa ‘’ jeedhu itti ijaruun
dhimmoon ammaanta ortodooksii qoftii akka iddoo santii rawwaatamuf dangeffaame
jirachu.Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo naannoo maggaala maraarooti immoo malkaa irreechaa
bara ‘’malkaa Boojii’’dhibbaa sirna motummaa abbaa irree fi amantaa kirsitaana yeroo
duriitin garraa tajajjiila mana amaanta ortoodoksi iddo cuuphatti akka jijjiiramu tasiifamu
ragaan mangudoo obboo Abdurqadiir Sukkarree Amboo (15/10/2020) oddeffadhee jira.
Araddaawwan irreefannaakun baduun isaa aadaafi duudhaan saba Oromoo akka laafuu fi
gara amantaa fi aadaa saba birootti madaqaa akka deeman gahee taphachuu raga ta’uu
danda’a. Yeroo ammaa kanas sababa

Dhiibbaa sirnoota mootummootaafi siyaasatiin uummanni Oromoo dhuunfaa fi aadaa isaa


akka hin gudifannee fi hin kunuunsine taasifamuu irraa kan ka’e beekumsi hawaasaa guddina
biyyaatii fi dagaagina hawassummaatiif bu’aa buusuu danda’u kun dagatamaa kan jiru ta’uu
isaa.

Amantaati hirkachuun aadaa fi dhuudhaan ganamaa Oromoo laafaa, Oromoon aadaa warra
birootti madaqaa deemuu.

Sababa babalachuu amantaaleen alagaatiin amantaan Waaqeffannaa akka laafuu dhiibba


kallatii adda addan irraa gahaa tureen Safuufi safeeffannaan xiyyeeffannaan itti laatamu
xinnachaa dhuufuun dhalaoota ammaa birratti dagatamaa jiraachuu.

Sababa babal’achuu magalootaafi ‘’hammayumaa jechuutiin‟ Oromoon magaala jiraatan


duudhaa fi aadaa saba isaaniitiif xiyyeefannoon kennamu laafaa deemun dhaloota duubaa
dhufaa jiru biratti amaantan ganaama oromoo kun ka’uu dadhaabu.

Ayyaani Irreecha yeroo ammaa deebi’a jiratuusi dhiibaa amantoota alaa dhufaniitiin bifa
amaanta gadii dhisissuun gara aadaati dhibuun amaantan Oromoo ganaama kun dhibbaa durii
jaala akka hin bane gochuufiduudhaa ganaama isaatti akka hin deebine gochuuf yaaludha.

Ayyaana fi Duudhaa boonsaa kana irratti, qorannoon osoo gaggeefamee, uummatichi


amaanta isaa ganaamatti deebi’un waqaa isaa ararrifachuun kadhaana fi galaata waqaa isaaf
qabu uummaama isaa margaa coqoorsa fi daraara birra qabachuun uummaa isaa(malka fi

4
tuluu)ofii calchiise uummeera dhabaachuun galaatefachuun dhaloota itti aanuuf kan dabarsu
yoo ta’e, dhaloota eenyummaa isatti boonu, naamusa, gaarii fi fayya qabeessa uumuuf,
faayidaan inni akka biyyatti qabu olaanaa ta’ee waan natti mul’ateef.

Qorannoo kun sababni godina ayyaana Irreecha irratti gaggeessef, Ayyaani Irreecha dhibbaa
Amaantalee alaa dhufaani fi sirnoota darbaniitin sirni waqeeffana Oromoo iddoo itti bade fi
itti laafee waggota dhibbaa ol addan cite turedha. Yeroo ammaas, dhiibbaa gama amaanti alaa
dhufee fi hamayyuuma jeedhun Amaantaan oromoo ganaama gadii dhissuun safuufi
safeeffanaan Oromoon fuudhaafi heeruma fira dhiigaa abbaa torbaa asitti raawwachuun
sabaaba ‘’shariiya’’ jeedhun Oromoota Arsii biratti bada waan jiruu fi oromoon kamu
sabaaba Amaanta ganaama isaani gatuun Amaanta alaggaati madaquu fi fudhaachun
eenyuuma,duudhaa fi saafuu ofii gadii dhisaa akka jiraan darbee darbee komiin hawaasaa
irraa nidhagahama. Akkasumas, qorannoon milkoomina olaanaa sirna ayyaana Irreechaa
irratti gaggeeffame naannawa kanatti hin jiru. Sababa kanaaf, qorannoon kun hamma
danda’ametti sakatta’a sirna ayyaana Irreechaa Malkaa Kataaraa barbaachisummaa aadaa
uummata Oromoo naannawa kanaa sakatta’uuf yaala. Dabalataanis, qorattoonni tokko tokko
qorannoo isaanii gaggeessuun, sirna kabaja ayyaana Irreechaa fi barbaachisummaa isaa
akkasumas, bu’aa ayyaanni Irreechaa akka waliigalaatti saba Oromoo biratti qabu
addessaniiru. Garuu qorannoon barbaachisummaa sirna kabaja ayyaana irreechaa Malkaa
Kataaraa uummata Oromoo Godina Arsii irratti gaggeeffame hin jiru.Qorannichi hiika
mallattoolee sirna ayyaanni Irreechaa faayidaa aadaa Oromoota godiina Arsii biratti qabus
sakatta’a. Dabalataanis, Irreechi bakka bu’iinsa aslii ta’e, mallattooleen isaa qorannicha kana
keessatti deebii argata. Dhumarrattis, qorannichi gahee maanguddoonni, dubartoonni, fi
dargaggoonni sirna ayyaana Irreechaa irratti qaban xiinxaluu yaala. Gama biraatiin qorattoota
biro qabiyyee kana irratti qorannoo gaggeessuu fedhaniif yaada ka’umsaa ta’uu mala.

1.3.Gaaffilee Bu’uura Qorannichaa


Qorataan gaaffileen qorannoo kanaan deebii argatan jedhee kaa’u akka armaan gadiitti ibsa.

Kabajini ayyaana Irreecha Malkaa Oromoota Godina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbilloo
biratti qabu maala fakkaata?

Kabajni ayyaana Irreechaa Malkaa duudhaa fi safuu inni of keessaa qabu maali?

Hirmaannaan maangudoota, dubartoota fi dargaggoota kabaja ayyaana Irreechaa Malkaa


irratti qaban akkamitti ibsama?

5
Meeshaaleen ulfoo sirna kabaja ayyaana Irreechaa Malkaa irratti hirmaattonni fayyadaman
maal fa’i?

Sirnootni ayyaana Irreechaa Malkaa kataaraa irratti raawwataman maali?

1.4.Kaayyoo Qorannichaa
Namni qorannoo geggeessuuf ka'e tokko kaayyoo qorannoo geggeessuuf deemu sana
beekuun dirqama. Kaayyoon kun qorannoo kana geggeessuf jalqaba maal gochuu akka qaban
namatti agarsiisa. Haaluma kanaan qorataan qorannoo kanaa kaayyoo gooroo fi gooreetti
adda babaasee qooduun armaan gadiitti dhiyeessee jira.

1.4.1.Kaayyoo Gooroo

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa sakkata’a ayyaana Irreechaa Oromoo akka waliigalaa fi
gadifageenyaan immoo Oromoota naannawa Godina Arsii xinxaaluudha.

1.4.2.Kaayyoo Gooree

Kabajni ayyaana irreechaa Malkaa Oromoota Godina Arsii aanaa Leemmuu fi Bilbilloo
biratti maal akka fakkaatu agarsiisuu.

Kabajni ayyaana Irreechaa Malkaa Kataaraa duudhaa fi safuu inni of keessaa qabu
sakatta’uu.

Hirmaannaa maanguddootaa, dubartootaa fi dargaggootaa kabajaa ayyaana Irreechaa Malkaa


Kataaraa irratti qaban ibsuu.

Meeshaaleen ulfoo sirna kabaja ayyaana Irreechaa Malkaa Kataaraa irratti hirmaattotaan
fayyadaman tarreessuu.

Sirnoota ayyaana Irreechaa Malkaa kataaraa irratti raawwataman agarsiisuu.

1.5.Barbaachisummaa Qorannichaa
Dhaloonni kaleessaa waa’ee irreechaa af-seenaan kan walitti himaa turan gara barreeffamaatti
jijjiiruun dhaloota dhufutti hambaa seenaa dabarsuuf.

Qorattoota qorannoo waa’ee Irreechaa irratti geggeessaniif akka ka’umsaatti gargaara


jedhamee yaadama.

Meeshaalee aadaa ayyaana Irreechaa irratti ittiin dhimmi bahan qaamota hubannoo fi
beekumsa hin qabneef hubannaa dabarsuuf fayyada.

6
gahee maanguddoonni, dubartoonni, fi dargaggoonni sirna ayyaana Irreechaa irratti qaban
qaamota hubannoo fi beekumsa hin qabneef hubannaa dabarsuuf fayyada.

dhiibbaa gama amaanti alaa dhufee fi hamayyuuma jeedhun Amaantaa oromoo ganaama
gadii dhissuun safuu fi dudhaa fuudhaa fi heeruma,Aadaa fi jiruu fi jireenya keessati
Oromoota Arsii biratti bada waan jiruuf oromoon kamu sabaaba Amaanta ganaama isaani
gatuun Amaanta alaggaati madaquu fi fudhaachun eenyuuma ofii gadii dhisuu isaa dhaloota
dabaarsudha.

1.6.Daangaa Qorannichaa
Mata duree sakatta’a ayyaana irreecha godiina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo malkaa
Kataaraa jedhu Kun baay’ee baladha. ayyaana irreecha Ummata Oromoo Oromiyaa guututti
beekkaman maraa isaanii waraqaa qorannoo keessatti qaaccessanii dhiyeessun baay’ee
ulfaatadha.Sababni isaas; uummata Oromoo biratti iddowwaan ayyaani irreecha kun itti
kabaajaman heddu fi lafti uummanni Oromoo irra jiraatu bay’ee bal’aadha yoo ta’u,
dhimmoota safuu ta’an iddowwaan ayyaanni kun itti kabajamu hunda sakatta’uun yeroofi
maallaqa hedduu gaafata waan ta’eef.

Qorannoon kun: sakatta’a ayyaana irreecha godiina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo biratti
malkaa Kataaraa irratti qabu maala akka fakkaatu,kabajni ayyaana Irreechaa malkaa duudhaa
fi safuu inni of keessaa qabu,hirmaannaan maangudoota, dubartoota fi dargaggoota kabaja
ayyaana Irreechaa malkaa irratti qaban,meeshaaleen ulfoo sirna kabaja ayyaana Irreechaa
malkaa irratti hirmaattonni fayyadaman,sirnootni ayyaana Irreechaa Malkaa kataaraa irratti
daangefamee jira.

1.7.Hanqinaalee Qorannichaa
Qorannoo kana gaggeessuuf ragaa barbaachisaa argachuun bu’aa bahii hedduu, yeroo
dheeraa fudhata. Gama biraatin, ragaa bilchaataa fi duudhaa Oromoo isa durii (ganama)
argachuun mataa isaatiin akka salphaatti kan yaadamuu hin turre. Kunis kan ta’uu danda’eef
dhaloonni lafaa dhufuu, jiraatton magalaa fi naannoo magaalaa sababa amantaafi dhiibbaa
adda addatiin aadaa isaanii dhiisuun aadaa warra birootti madaqanii jiraachaa jiru waan
ta’eef, ragaa qoranoo kanaaf barbaachisu argachuun rakkoo ture. Keessattu dhimma
kanarratti raawwii hawaasaa akka duudhaa ganamatti argachuun rakoo guddaadha. gamma
biratiin dhukkubinii Kovidii 19 yeroo kana adduunya yachiisse kun akka biyyaa keenyattisi
yaado fi rakoo hammaata waan turreef raga argachu fi funaanachuratti rakooguddaadha.

7
Rakkoo kana furuuf qorataan manguddoota umrii dheeraa qabanii fi hawaasa baadiya fogoo
keessa jiratan irratti xiyeefachun dirqaama waan ta’eef karraa dheeraa milaan deemun
ragaalee hawaasa bira jiraan walitti qabee jira.iddo sirni Irreechaa malkaa itti rawwaatamu
godina Arsii Aanaa Leemmuu Bilbiloo malkaa Kataaraatti qaamaan aragmuun raawwii
sirnichaa daawwatee jira.rakko dhukkuba kovidii 19 kana ofii fi hawaasni of egannoo akka
godhuuf addaan faffageesse teechissuu fi meeshaalee akka haguggii afaanitti gargaraamu
yaalee jira. Kana malees, dhimma kana irratti carraa Tv OBS aadaafi duudhaa Oromoo irratti
qophii

“Qe‟ee Oromoo” jedhuun tamsaasu hordofuun akka carraa gaariitti dhimma itti bahuun,
ragaa funaanameefi hojii hojjetameen qorannichaaf ragaan barbaachisu qindeessun
danda’amee jira.

1.8.Haala Waliigala Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo


Aanaan Leemmuu fi Bilbiloosi aanaalee godina Arsiitti aragman 26 keessaa takka yoo taatu
akka aanaatti kan hudoofte 1950, akka taatee fi maqaa Leemmuu fi Bilbiloo jedhamu kana
kan argatte maqaa uummaata oromoo Arsii gosa Leemmuu jeedhu fi lafa naannoo bilbiloo
jeedhu irraa yoo ta’u Bilbiloo jeechuun lafa waa dhaggeeti ( bakka Gadaan shaanan Arsii itti
waliigahee ‘’man-balaa’’ jirru fi waa dhagaahani galaan jeedhura akka maqaan Aanaa
Leemmuu fi Bilbiloo jeedhu mooga’u manguddoo Abdurqadiir Sukkarree Amboo
(05/10/2020) fi Ragaan waajjira koominikeeshinii Aanicha irraa bara 2020/ 2013 argame
ni’ibsa. Baay’inni uummata Aanaa kanaa akkaataa ragaa Bara 2001 mirkanaa’ee bahetti
uummanni Baadiyyaafii Magaalaa Aanicha keessa jiraatu dhiira 823,223, dhalaan 83,986,
waliigalatti uummata 166,309 ta’utu aanicha keessa jiraata.

Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo sirrii galaanaa irraa olka‟insa metra 1,700 hang 4,000 irratti
argamti. Haalli teessuma lafa aanaa Leemmuu fi Bilbiloo irraa caalaa isaa bu’aa cee’ii fi
diriiraadha. Lafti olka‟insaan beekaman keessa walqabatoota gaareen Arsiifi Baalee gaarri
Galaama,Honqoloo fi Kaakkaa aanaa Leemmuu fi Bilbiloo keessatti argama.

Aanaan Leemmuu fi Bilbiloo Kaabaan aanaa Digaluu fi Xijjoo Kibbaan aanaa Godiina Arsii
Lixaa Aanaa G/Hasaasaa, Bahaan aanaa Shirkaa fi Aanaa Honqolloo Wabee, Dhihaan Aanaa
Muneessan daangeeffamti.

Magaalli guddoon Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ‘’Boqqojjii’’ yoo taatu maqaan kanas kan
argatte qubsuma Oromoo Arsii gosa ‘’Boqqoojjii’’ jedhamu irraa yoo ta‟u; magaalli

8
Boqqoojjii Asalla irraa kallatti kibaatti km 60 fagaattee; Finfinnee irraa kallattii kibaa
bahaatti km 230 fagaattee argamtti.

Balli‟inni Aanichaa lafaa hektaara 94,575 keessaa qonnaa hektaara 54,724.9, lafa Bosonaa
hektaara 2833.74, lafa Dheedichaa (Margaa) hektaara 13,530.1, lafa Hallayyaa kaneen biroo
hektaara 16,225.6 qabateen kan ufufamedha.

Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo keessatt laggeen argaman laggaa Kataara, laggaa


Sadoyyee,laggaa Wabee, laggaa Diimaa, laggaa Qacaama fi laggaa Wargaa jedhamaan
laggeeni gurguddoo Aanichaa keessaatti argaaman .

Haalli qilleessaa aanaa Leemmuu fi Bilbiloo % 15.5 gammojjii % 50.7 badda dareefi %
33.8 baddaadha.

Oomishinni aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ittin beekamtu Qamadii, Garbuu, Midhaan dheedhii,
Midhaan Dibaataa keessaa Talbaafi Ija Raafuu, Boqqoloofi Misingaa akka duraa duuba
isaanittiin kana oomishaman akka ta’e ragaan Waajira Qonnaa aanaa Leemmuu fi Bilbiloo
irraa argame ni ibsa.

Ilmaan Sikkoofi Mandoo (Arsii) sirna Gadaa Odaa Roobaa dhiibbaafi waraana
nafxanyootaatin Gadaa kudha torbaaf ykn waggaa 136 erga addaan citeen booda bara

2016 gumii Abbootii Gadaa Oromootiin irra deebi’ee ijaramee jira.Gadaan Baharaas Gadaa
Horataa irraa Baallii fudhatee jira. Sirni kunis Adoolessa 2016 Godina Arsii Aanaa Zuwaay
Dugdaa iddoo Caffee jilaa jedhamutti fudhatee jira.

Roobalee Birmajii

5 1

Bultumaa

2
Baharaa
Horataa
4
3

9
Caatoo Lak.1 Marsaa Gadaa Oromoo Arsii (Maddi: Waajjira Aadaafi Turizimii Godina
Arsii.)

Akka godiina Arsiitilee malkaaleen irreecha fi tuluwwaan irreecha kan jiraan yoo ta’u
godiina Arsiitti malkaan beekaman yeroo ammaa ayyaan irreecha oromoon Arsii bal’inaan
irratti kabajaama jiru irreecha “Haroo Aardu”Maggaala Asallaa keessatti argaamu .guyyaan
kabaaja ayyaana kana torbaan sanbaata ayyaana irreecha Haroo Arsadii yoo ta’u hirmaato
ayyaana irreecha kana yeroo ammaa garmaalee kan dabaale fi bara 2012 irraa hanga namoota
40,000 olii irratti hirmachuu egalamee jira . (Maddi: Waajjira Aadaafi Turizimii Godina
Arsii.) Gama biraatiin Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo keessatti malkaa Orommoon Aanichaa
irreecha Birraa Fulbaana digdamii saddeet(06)/09/2020 itti irrefatu kan jiru yoo ta‟u malkaan
kuniisi Malkaa Kataara ,Diimaa fi Saddoyyee jedhama. Malkaan Kataara laggaa beekama
akka Godiina Arsiiti beekamu irratti kan argaamu fi malka irreecha beekamadha.malkaan
Diimaansi malkaa Laggaa Diimaa irratti beekamu fi malkaan Saddeyyee immoo malkaa
yeroo dheeraaf uummaan oromoo naannoo magaala Boqqojjii itti irreefacha turaanii fi yeroo
sirnaa motootatti iddoo cuphaa mana ammaantii ortodooksitiin bakka bu’ee(Iddo cuba ykn
ximqata Bahaar ) yeroo ammaa immoo mani ammaanta ortodoksii maqaa ‘’kirstoos samara’’
jeedhamu itti ijaramee. Abbootiin Malkaa kataara fi saddoyyee manguddoo Abdurqadiir
Sukkaree ,Badhuushee Fayiisa, irraa argame akka ibsutti malkaan irreecha kun durri irraa
eegalee akka itti irreefatamaa tureefi sirnoota darban keessatti dhiibbaa gamma motummaata
fi Amaantiitni gahaa tureen baay‟inni ummata irrefatu bay’ee gad’i bu’ee akka turee ni
addeessa.

Gama biraatni Aanaan Leemmuu fi Bilbiloo sochii isportii Aadaa fi Hamayyaatni garmalee
beekamtu yoo taatu taphoota isportii Aadaa akka Qillee ,garmammaa Farda fi taphaa korboo
yoo ta’u isportii Hamayyaatni immoo sadaarka Adduunyatti ijolee figichaan beekaman
kaneen akka Daraartu Tuluu,Qanaanisa Baqqaala,Xurunash Dibbaaba ,Ijigayyoo
Dibbaaba,Ganzabee Dibbaaba ,Faxuuma Roobaa ,Ilfiinash Alamuu fi kkf biyyaa Adduunyaf
gummaachiteedha.

Aanaan Leemmuu fi Bilbiloo dhaabbilee barnootaa kana muutummaa mana barnootaa sad.
2ffaajahaa , sadarkaa 1ffaa (1- 8) afurtamii lamatu keessatti argama. Gama birtaatiin,
dhaabileen fayyaa Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo kessatti argaman buufata fayyaa Torba fi
keellaa fayyaa baadiya digdamii sadiifi magaalaa torba walumaa galatti dhaabbilee fayyaa
soddoma ta‟antu argama. Akkasumas, aanicha keessa Bankii Daldala Itoophiyaa lamatu

10
argama. Baay’inni uummata Aanaa kanaa akkaataa ragaa Bara 2001 mirkanaa’ee bahetti
uummanni Baadiyyaafii Magaalaa Aanicha keessa jiraatu dhiira 823,223, dhalaan 83,986,
waliigalatti uummata 166,309 ta’utu aanicha keessa jiraata.

Uummata aanaa Leemmuu fi Bilbiloo keessaa % 84.4 baadiyaa % 15.6 magaala keessa kana
jiraatu akka ta’e ragagaan karoora bara 2019/ 2012 waajira bulchiinsa aanaa Leemmuu fi
Bilbiloo irraa argame ni ibsa.

Uummata aanaa Leemmuu fi Bibiloo qubatee jiraatu keessaa harki olaanan gosa Oromoo
Arsii ,Tulaama fi Maccaati. Gosa Oromoo Tuulamaa fi Maccaa dhiibbaa sirnoota
mootummoota darbaniin nannoo godinoota Shawaa fi iddoo magaalli Finfinnee itti hundoofte
irraa buqa’an godina Arsii qubataan kan jiraatan yoo ta’u saboonni biros lakkoofsan
muraasa ta’an ni aragamu.(Maddi Ragaa walii gala aanaa Karoora bulchiinsa Aanaa

Leemmuu fi Bilbilooti)

Suuraa 1 Godina Arsii Kaartaa Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo

1.9.Qindoominna Qorannichaa

Qorannoon kun boqonnaalee shaan kan qabu yoo ta’u, boqonnaan tokko seensa
qorannichaa, boqonnaan lammaffaa sakata’a Ogabarruu, boqnnaa sadaffaan malleen
qorannoo, boqonnaa afraffaan qaaccessa ragalee fi boqonnaa shanaffaan xumura yoo ta’u
kuunsi: Cuunfaa, argannoofi yaboo of keessatti hammata.

11
BOQONNAA LAMA
SAKATTA’A BARRUU
Boqonnaa kana jalatti kitaabileen wabiifi qorannoo adda addaa mata duree kanaan waliin
walitti dhufeenyaa qaban dhiyaatu.

2.1.Maalummaa Oromoo
Kitaabni ‟Oromo English Dictionary” Tilahun Gamta (1989: 492) jecha Oromoo jedhu yoo
hiiku, “the largest single tribal in Ethiopa use /talkes/ Afan Oromo Language”.

Kana jechuun, ummatta biyya Itiyoophiyaa keessaa baay’inaan olaanaa qabu, kan Afaan
Oromoo dubbatu ykn Afaan Oromootiin walii galu.

Alamaayyoo Yaadasaas (2012:9) Oromoo yoo ibsu: “Uummanni Kuush uumata naannoo
Kibba Baha Afrikaa keessa waggaa 5000 BC jalqaba jiraachaa tureedha.Ummani Oromoos
isaan keessaa isa tokkodha”.

Leellisaa Aadaa (6413 LW) waa’ee Oromoo yoo ibsu: Oromoon uummata dame uummata
Kuush waggoota heddun dura dame tokko ta‟ee baheef naannoo Baha Afrkaa jiraatu dame
guddaafi Afaan Oromoo dubbatu jedha.

Ayalew Qannoo (2008:13), waa’ee Oromoo akkas jedha “They claim to have the same father
whom they call Orma “son of Orma.” By which they identify them selves in conversations
and the ordinary common rece of life.” Kana jechuu, ummata hundee dhalootaa tokko Ormaa
jedhamu qabu, ilmaan Oromaa jechuun of waamaniidha jedha.

Biiroon Aadaafi Turzimii Oromimyaa (2007) Oromoon hortee saba Kuush ta’ee iddoowwan
kuush dur jiraachaa turan akka yeroo dheeraf jiraata tureefi dame uummata Kuush keessa isa
gudaadha jechuun ibsa.

2.2.Sona Hawwaasaa /Social Norms/


Marsaan Intarneeti WWW.dictionionery.com.(2020) jedhu akkas jedha “social norms are the
rules of behavior that considered acceptable in agoup or society. People who do not follw
thus norms may be shunned or suffer some kind of conse quence.” Kana jechuun, sona
hawaasaa jechuun seera hawaasni tokko amalaafi gocha sirridha jedhee fudhate yoota’u,
garee ykn dhuunfaan seera hawaasni sun kooti jedhee irratti walii gale sana cabse hawaasichi
nituffata, akkasumas dhiibbaa irraan gahun qaanessa.

12
Asirraa akka hubatamutti sonni hawaasaa seerota hinbarreefamne kan hawaasin sun sirridha
jedhee fudhatee ittin buludha. Seera miseensi garee hawaasa sanaa fudhatee amaleefate ittin
jiraatu sana ala akka hinbaane kan ittin toowatu humna qaba. Humni kunis, gareen hawaasa
/dhuudhaa/ sona hawaasa hinqabinne ykn hineegne hawaasichi kallattii adda addaatiin
dhiibbaa irran gahee fudhatama dhabisiisa, namni sona hawasaa hinkabajen tufatamaa,
jibbamaafi abaramaa waanteef sona hawasaa sanaa kabajuun dirqama itti ta’a jechuudha.

2.3.Hawaasummaa /Socialization
Hawaasummaan adeemsa gareen ykn gurmuun tokko miseensa garee isaa aadaa duudhaa isaa
ittin barsiisu ykn ittin leenjisuudha. Dhimma kana ilaalchisee marsaan intarneetii
https://WWW.(2020)akka armaan gadiitti addeessa.

“Socialzation is to acquaint indivduals with the norms of social groups or society.


Socialization prepares future members to particpate in a group by teaching them the
expectaions held by other group members. Socialzation is an important process for children,
who are socialzed at home and school.

Akka ibsa kana irraa hubatamutti hawasumman namoota duudhaa Safuu hawaasaa qabatanii
jiratan kan taasisu yoo ta’u namoota miseensa garee hawaasa sanaa ta’an ykn da’imman
hawaasichaa barsiisuuf gahee olaana akka qabufi hawaasummaan adeemsa da’iimman aadaa,
duudhaa, haala jiruufi jireenyaa hawaasichaa barsiisuuf bay’ee barbaachisaa ta’eedha.

2.4.Yaadrimee Safuu,Duudhaa,Ayyaana fi Uumaa


Gammachuun (2013) yaad-rimee Uumaa, Ayyanaa fi Safuu yoo ibsu safuu, ayyaanaafi
uumaa addaan baasanii hubachus ta’ee ibsuun rakkisaadha. Ayyanni akkaataafi haala
Waaqayyoon Addunya ittin uume, uumama wantoota addunya kana irra waliigala jiraatan
yoo ta’u; safuun sadrkaa hawaasaafi akkataa namni dhunfaa seera uumaatin walii galanii
jiraatanidha. Seera kanaan walii galanii jiraachuun daandii Waaqayyoo yoo ta’u, kunis
jireenya gammachuufi milk’aa akka ta’u Waaqayyotu guuta jedhamee yaadama. Kun immoo
Waaqayyo Uumama hundaa waan caaluuf.

Asirraa akka hubachuun danda’amutti Safuun Ayyaanafi Uumaa addaan baasanii ibsuun
hindanda’amu sadeen isaanituu walitti dhufeenya qabu. Uumaan addunyaa tana irrtti
Uumama yoo uumus Ayyaanaafi seera waliin akka uumee seerri kunis Safuu yoo ta’u,
Safuun immoo seera Waaqat. Seera waaqaa kabajanii jiraachuun dirqama uumamaaati.
Gammachuun ( 2003:75) waa’ee seera duudhaa ganamaa yoo ibsu

13
The law of the ancestor is divided into two categories. The first consist of the laws given by
Waaqaa. These laws are the laws of nature. The second comprises of the laws made by man.
Safuu thus refers to the knowledge of these natural laws as recognized by the ancestor. In
other words one knows how to relate to these laws and to act according to them.

Kana jechuun seera duudhaa ganamaa Oromoo bakka lamatti qoodamuu isaanis inni duraa
seera Waaqan kenname kunis seera uumati. Inni lammaaffaa seera nam tolchee yoo ta’u,
Safuun seera duudhaa yoo ta’u kuns seera uumaa ganaamaati. Seerota kana kabajuun seera
Waaqaa kabajuudha. Namni kamiyyuu seera /Safuu/ beekee akka seeraa kanattti jiraachu
ilaallata.

Gammachuun (2003) dabalataan Dhimma Safuu eeguu ilaalichise yoo addeesu: ilmi namaa
Safuu eeguufi hojiirra oolchuun uumama biroo irraa /adda kan ta’eedha. Seeronni kun
gochoota ilma namaa walitti dhufeenya dhimma maraa waliin qabu kan eegudha. Seeronni
kun jiraachuufi eegamuun kana qaban akka fedhii Waaqatti waan ta’eef, namni kan jiraachuu
qabu akka seera Waaqatti ta’uu qaba. Kunis filannoo gocha gaarii / good /fi gocha yaraati
/evil/. Seerri Waaqaa seera uumaa namni safuu eegaa ittin jiraatuti.

Kana irraa akka hubachuun danda’amutti Safuun seera waaqaa yoo ta’u namni safuu kan
eeguu Waaqayyo kabajuuf. Seera kana eegun uumama mara waliin wal kabajanii waliin
jirachuu akka danda’u kan taasisu akka ta’edha.

Warqineh Qalbeessaa (2005) Gammachuu (1993) waabefachuun wa’ee Safuu yoo ibsu

Safuun akkataa gocha namni hojjetu sirrifi sirri ta’uu dhabuu kan hawaasi Oromoo ittin
madaaludha.’’ Jedha. Kana jechuun Safuun ilaalcha Oromoo keessatti seera ilmi namaa
addunyaa tana madaala uumamaa eeguun tokko kan biroo osoo hinmiidhin walii jiraachuuti.

2.4.1.Safuu

Safuu jechuun aadaa Oromoo keessatti ilaalcha namni uumaafi ummamaaf qabu kan ibsudha.
Kana jechuun, dhalli namaa lafa kana irratti ummama biroo waliin waldanda’ee wal kabajee
akkaataa waliin jiraachuu danda’u kan mul’isu seera uumaa jechuudha.

Safuu ilaalchisee Gamachuu Magaarsaa (2003: 70) yoo ibsu: Safuu is a moral category based
on Oromo nations of distance and respects for all things. The concept of Safuu is not merely
an abstract category: it is constitutes the ethical base up on which all human action should be
founded; it is that which direct one on the right path; it shows the way in which life can be
best lived with the context of Oromo world.
14
Safuun ilaalcha Oromoon uumaafi uumamaaf qabuudha. Yaanni Safuu jedhu yaada qabatama
hin qabinne jechuu miti. Akka ilaalcha Oromootti yaada gocha ilmi namaa raawwatu mara
wajjiin kan wal-qabatu, daandii sirrii, kan karaa jireenya gaaritti nama geessudha.Haaluma
walfakkaatun Warqineh Qalbeessaa (2005: 9) Lambert Bartels, 1983 waabefachuun

“Safuu is a moral concept that serves as the ethical basis for regulating practices in order to
insure high standard of conducting appropriate to different situation. It helps individual to
avoid morally wrong action. The safuu is what makes human different from other animals.
Safuu help individuals relate natural laws and to base their activities on these laws. Safuu is
mediating category btween different things. There are Safuu btween mother and daughter,
between father and son, between generation, between humanand nature, between God and
Earth. Safuu regulate people’s activities.

Safuun duudhaa hawaasaa eegudha. Kunis hawaasaa keessatti iddoo olaanaa kan qabu
yoota’u, safuun ilma namaa bineessota biroo irraa adda kan taasisuudha. Safuufi
Safeeffanaan dhimmotaafi qaamota adda addaa jidduutti kan jiraatudha kunis: Safuun
haadhaafi inatala jiddutti, abbaafi ilma jidduutti, namaafi uumama jidduutti, Waaqaafi Lafa
jidduutti. Walumaa galatti safuun jireenya namaa kan qajeelchudha.

Gama birattin; maalummaa Safuu, garaagarummaa safuufi seeraa ilaalchisee Dirribii


Damissee, (2012:66) haala armaan gadiitin lafa kaaya.

Akkataa ittin Uumamni waldanda’anii, wal kabajanii hanaga danda’ameetti bakka walii
kennanii waliin jiraatan Safuu jedhama. Safuun addaa adduummaa jiru beekanii nagaan
waliin jiraachudha. Safuun seera Waaqaa Lafaati. Safuun waan heddu of keessaa qaba, Safuu
eeguun seera. Garuu, seerri hundi Safuu mit. Seerri namaan tumama, nijiga garuu Safuun
hintumamus, hinbadus.Safuu seera uumamaat. Safuu eeguun immoo dirqama jireenyati.

Kan jechuun Safuun Seera Waaqaa Lafaa uumamni martuu waldanda’ee walii jiraachuuti.
Safuun seera uumaa yoota’u; Safuun seera namaan tumamu irra adda kan taasisu akka seerota
namaan tumamanii hinjigu hin badu hin fooya’u. Safuu seera uumaati. Safuu eeguun dirqama
uumamaafi jireenyaa ta’uu hubanna.

Dabalataanis Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa, (2006:24) kitaaba “Moral, ethical and
scientific Oromo wisdom of safuu about nature” jedhu bu’uureefachuun safuu akka armaan
gadiitti ibsee jira.

15
Safuu is amoral category based on Oromo nations distance and respect for all things. The
concept of Safuu is not merely an abstract category: it constisutes the ethical basis upon
which all human action shoud be founded, it is that which direct on the right path; it show the
way in which life can be best lived.

Safuun ilaalcha uummanni Oromoo dhimmotaa maraaf qabu kan agarsiisudha. Dhiimma
yaadan jiru qofa osoo hintaane gocha ilama namaa mara kan ilaaltuudha. Daandii jireenya
sirri, amala gaarritti nama qajeelchuufi ittin jiraataniidha.

2.4.1.1.Safuu Uumama Jidduu Jiru

Safuun seera hawaasni Orommo ittin walkabajee waliin jiraatu akkasumas uumama biroo
waliin osoo miidhaa wal irraa hingahin waliin jiraataniidha. Warqinah Qalbeessaa (2005:9-
10) Lambert Bartels, 1983 waabefachuun akkana jedha.

Akka Oromootti Safuun ulfina / respect/ ulfina abbaa, haadha, adaadaa, eessuma, Lafaa,
Waaqaati. Safuun walitti dhufeenya wantootaati. Kunis Safuu haadhaafi intalaa, Safuu
abbaafi ilmaa, Safuu labataafi labataa, Safuu namaafi Uumamaa Safuu Waaqaafi Lafaati.
Aadaa hawasaa keessatti wantoonni hunduu iddoo uumamaaafi aadaan keessatti qabanitu jira.
Iddoo qaban kun eegamee akka iitti fufu seerri eegu jira. Serri kun seera waaqarra
kennameedha. Seerri kuns Safuudha.

Yaadni rime olaanan Safuu ilmi namaa wal danda’ee uumama kamiiyyuu waliin naannoo isaa
keessatti nagaan jiraachuudha. Safuun cabuun walitti dhufeenya gaarii namoota jidduu jiruu,
namaafi uumama biro akkasumas naannoo irraan miidhaa geesisuu danda’a.

Ibsa kana irraa akka hubachuun danda’amutti Safuun ulfina waliif laachuu yoo ta’u uumamni
lafa kana irra jiraatu tokko kan biroo kabajee waliin jiraachuudha.Waliin jiraachuun naannoo
keessa jiratan keessatti tokko kan biroo osoo hinmiidhin, iddoo walii kennuun iddoon isaan
uumaman qaban kun seera uumaatiin eegamee jiraata.Safuun uumama hunda jidduu jiru
eegamuun seera uumati. Seerri kun yoo cabe walitti dhufeenya uumama jidduu jiru rakkoo
irrati kufa. Rakkoon kun akka hin uumamne Seerri eegu Safuudha. Kanaafuu, Safuun walitti
dhufeeny uumama jidduu jiru seera qabeessa akka ta’ee itti fufu seera eegudha.

Gama biraattin, Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa (2006:25) Safuu uumama jidduu jiru
akkanatti ibsa.

Akka dhuudhaa Oromootti, Safuu buufachuun ulfina Waaqaa dura buusudha. Walii, ofiis
Oboofi Cooraan, anagfaafi quxusuun walkabajaniidha. Yoo waan dabanii seera uumamarraa
16
jallate, kan Waaqni hin jaalanne hojjetame safuu waaqayyoof, kana Waaqayyo nu haabaraaru
jedhama. Safuu kan hin qabinne kan hin saalfanne, hangafaafi quxusuu kan hin kabajineedha.
Walumaagalatti, kan Waaqayyo hin feene, karaafi seera uumaa uumamaa Waaqayyoorraa
kan jallate hundaaf safuu Waaqayyoof jedhama. Safuun Waaqayyoo Ulfina guddaadha.
Kabajaafi sodaa Waaqayyoorraa seera uumaa uumamaa Waaqayyoof abboomuurraa kana
ka’e Safuu Waaqayyoo jedhama.

Walumaa galatti Safuun uummata Oromoo biratti seerri uumaafi uumamaa kan ittin eegamu,
ilmi namaa lafa kana irra yeroo jiraatutti seeratti walitti dhufeenya uumama biro waliin
walitti isa fiduufi ittin qajeeluudha. Safuun seera Waaqaa ulfinaafi kabaja waaqatiif hojiirra
ooluu qabuudha. Kunis Safuu Waaqaafi Lafaa, Safuu abbaafi haadhaa, safuu hangafaafi
quxusuu, safuu uumaafi uumama jidduu akkasumas safuu uumamaafi uumama jidduu jiru
jechuun nidanda’ama.

2.4.1.2.Safuu Hangafaa

Aadaa Oromoo keessaati hangafaafi quxusuun iddoo olaanaa qaba. Gocha raawatamu
kamiiyyuu hanagafummaafi quxusummaan ni eegama. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa
(2007) dhimma hangafoomaa yoo ibsu; Sirna Gadaa keessatti aangoon yoo qabatamu warri
sadarkaa Gadaa /Lubaa irra jiran aangoon isaanii ol aanadha. Kana jechuun filannoo Gadaa
keessatti hangafoomni iddoo ol aanaa qabaachuu namatti agarsiisa. Bokkuun aadaa seenaa
Oromoo keessatti mallattoo aangoofi hangafoomaati.

Hangafoomnii fi ol aantummaan isaanii kan sirritti mul’atu jila Gadaa keessatti yeroo
abbootin Gadaa warra bokkuu muudanii fi harka fuuchaa raawataniidha.

Abbaan Gadaa gosa hangafaa fi mana maree warraa ykn gosaa hangafaa iddoo marattuu
dursa argata. Fkf Tuulama keessatti kan Galaan dursu hinjiru. Yaata’u malee hangafoomni
gosoota maraan yoo atoome malee wanti raawatamu hinjiru. hangafoomni kennan osoo
hinta’in hundee dhalootaan kan argamuufi hawaasni warra hangafaa, warra bokkuu jechuun
waama. Gama biraatin gosni tokko hangafa ta’ee yeroo lamaa sadi caffee goodaanuu,malkaa
bu’uu,malkaa saquu,eebifachuu yoo didee ykn yoo hin argaamne hangafoomni irraa
mulqamee quxusuu akka ta’u ykn akka itti aanuu taasifama.

Sirna baallii walii dabarsaa irratti qachaa ijaaramu hangafaa quxusuu eegee ijarama. Kunis
gosa irraa kaasee hanga manaafi balbalaatti duraa duuba hangafaafi quxusuuti ijaaarrama.

17
Waltajji qachaa kana irrattis miseensi Gadaa sadarkaa Gaammee, Dabbalee, Raaba, Kuusafi
Gadaa duraa duuba eeguun qachaa ijaratuufi sirna irratti hirmaata.

Kabaaja ayyaana irreecha irrattilee gahee olannaa kan qabu fi kan taphaatu hangaafa
.hangaafa dura malkaa bu’uu fi yoo bu’ansii malkaa irreecha kan eebifate saquu hangaafa
kabaaja ayyaana irreecha malkaa kataaraa guyyaa 6/09/2020 irratti oromoon Aanaa
Leemmuu fi Bilbiloo keessa jiratanii fi hirmatoon ayyaana irreecha hunda keessa gosti
Tuulaama Gaalan ,Garaasu,Bachoo fi hangaafnii Mandoo fi Sikkoolee Kojii,
Qooman,Boqqojjiin mul’adhu jeechun wamammaani dhiyyaachun margaa jidhaa fi daraara
qabachuun waqaa lafaa ararfachuun malkaa eebifatanii kan walolee araarame ,kan sirna
ga’eela barbaade rawwaatate, da’imaan bara kana dhalaatani maqaan
‘’Bariisa,Barsoo,Gammaachu ,Bartee fi obese akka ta’uu moga’ee lallaabamuun abbaan
gadaa malkaa saquun sirni irreefana uummaataf baname.

2.4.2.Duudhaa

Kitaabni Oxford Advanced Learnrss Dictionary The 6th edition (2000:526). jecha “Norm”/
Duudha yoo ibsu “The usual, typical, or standard thing. required or acceptable standard: the
norm of good behavior.” Jechuun yoo hiiku kunis; hawaasnni tokko aadaafi barmaatilee
sirriidha jedhee fudhate tokkof sadrakaafi ulagaa kaayee qabau jechuudha.

Ogeeyyi hiika duudhaaf kennan kaayyoofi mataduree isaaniitii irraatti hundaa’uun hiika itti
kennanu.

Marsaan Inatareetii WWW.chegg.com/home(2020) “Norm is a situation or a pattern of


behaviour that is usual or expected a deviation from the norm.” hiika gama hawaasaa, yoo
ibsu akkasi jedha: “Duudhaan barmaatilee garee hawasaa tokko sirriidha jedhee fudhatee ittin
bulu yoo ta’u, namni seera hawaasaa kana cabse dhiibbaa irraa gahun duudhaa san akka
eegan taasisa.”

Hiika gama dagaagina Hawaasatii /Sociology/ kennaman “standard of behavior that are
typically of or accepted with a group or society social culturel norm.” kan jechuun, dudhaan
yaadaafi ilaalcha hawaasa keessatti amala namoota dhuunfaa qajeelchuudhan alati,
dhuudhaan tokko maal akka ta’e, eessattifi akkamitti akk raawwtu kan agarsiisudha jedha.

Hikkaan gama warra aadaatiin kenname immooakkas jedha, “dhuudhaan akkataa


amaleefannaa gareen hawaasa murtaawwaa tokko hoojiirra oolu yoota’u; amaleefannan

18
akkasi kun maatii, hawaasafi gochoota raawwiin kan baratamufi kan hojiirra ooluus akkataa
yaadi-rimee hawaasichi sun qabun.”

Walumaa galatti hiikinni sadeenuu kan agarsiisu dhuudhaan bartee hawaasaa kana hawaasin
sun sirridha jedhee fudhatee jireenya isaatiif dhimma itti bahu, kana bartee hawaasa san
hinfudhanne hawaasichi kallattii adda addatin qequun akka sirrawwu taasisu hubanna.

2.4.3.Ayyaana

Qorattoonni hedduun ayyaana bifa garaa garaatiin dhiyeessu; bifa aadaa, amantaa fi makaa
lamaaniitiin. Qorannoo kana keessatti hiikaa fi yaadrimee ayyaanaa garaagarummaa aadaa fi
amantii irratti xiyyeeffachuun ilaalla.

Qorataan dhimma namoomaa (Rappaport, 1999) akka ibsutti ayyaanni raawwii wanta
qajeelaa, haala hin geeddaramneen tartiiba’ee, gocha fi af-seenaan barteedhaan daddarban
kanneen akka sirna gaa’elaati. Dabalataanis, ayyaanni dhala namaa namoomsuu keessatti
ga’ee murteessaa qaba jechuun falma. Dhalli namaa kan barbaadu abdii, fi ayyaana fedha.
Kana jechuun ayyaanni agarsiistuu haala xiin-sammuu nama tokkoo ti (Rossano, 2012).

Ayyaanni raawwiin dhalli namaa hundinuu, jechaanis ta’ee gochaan, inni amala dha.
Kanneen keessaa muraasni af-seenaa, amalli, kadhannaa, weedduu fi sirbi akkuma gocha
kamiituu yaad-qalbii dha. Isaan kun gochaalee qaamaa gurmiin daawwattootaaf sagaleen fi
sochii qaamaa, gochaa fi wantoota fayyadamuun dabalachuun dhiyaataniidha (Eller, 2007).

Ayyaanaa jechuun gocha nama gammachiisu, hallu-qabeessa, fi ifatti mul’atan kan akka
duudhaalee fi amantii qabata. Ayyaanni yeroo maraa sagantaa gochaalee hedduun guutamee
sa’aatii yookiin guyyoota heddu fudhatuudha (Malinowski, 1948). Ayyaannni waliigaltee
gochaalee sirrii kanneen jaalala amantii keessatti raawwataman akkasumas, gochaalee
kamiyyuu sadarkaa olaanaatti qajeelaa ta’anii dha. Akka yaada isaatti, haala bal’inaa isaatiin,
ayyaanni raawwii gosa addaa utuu hin taane gochaaalee uummataa ibsamuu maluu
kamiyyuudha. Namni kamuu, kallattii ayyaanaa qaba (Lambart, 1983). Ayyaanni amala
amantaa fi amala gocha idilees qaba (David, 1988). Akka yaada isaatti, ayyaannii gocha
hafuuraa fi gochaalee xaxamoo ilma namaati. Amantiin ayyaanaan ala qofaatti argama;
ayyaanni garuu amantii malee qofaa isaatti hin argamu (Bell, 1992)

2.4.3.1.Amaloota Ayyaana

Amaloota ayyaanaa keessaa inni tokko waa’ee hawaasa sanaa dhaamsa dabrsuu isaafii
irradeddeebiin gaggeeffamuu isaati. Ayyaanotni odeeffannoo waa’ee hirmaattotaa fi aadaa

19
isaanii akkasumas waggaa waggaadhaan, dhalootaa gara dhalootaatti dhaamsa, safuu, fi miira
jiraataa gara gochaatti dabarsu (Kottak, 2000). Akka ibsa isaatti, ayyaanni kan amaleefffamu
amala irradeddeebii, sadarkaa inni aadaa hawaasicha keessatti gonfate kan nama kamiinuu
mirkaneeffamee jiruuni (David, 1988). Amala isaatiin walqabsiisuun, ayyaanni qindoomina,
tartiiba sadarkaa fi sansaka guddaa qaban akkasumas iddoo fi yeroo tokko tokko kanneen
hiika mallatooleen badhaadhaniidha. Innis irradeddeebi’oo ta’anis miira namootaa too’achuu,
hubannaa namootaa fudhachuun, fi garee hawaasaa gurmeessuu keessatti qooda olaanaa qabu
(David, 1988; Negasa, 2011).

Amalli ayyaanaa inni biroo, addunyyaa keenyaaf gamtokkoon isa darbe, kan amma jiruu fi
kan borii walitti firoomsuun hiika kennuuf gargaara. Kana jechuun, ilma namaa rakkina isa
muudatu furuuf gargaara. Gabaabinaan yoo ibsamu, uummanni ayyaanotaaf yookiin immoo
mallaattooleef hin garbooman, garuu ayyaanicha ni uumu malee. Sababa ilmaan namaa
ayyaanota uumaniifis ta’ee jijjiiruuf danda’aniif meeshaalee siyaasaa aangoo qabeeyyiidha
(David, 1988).

2.4.3.2.Gosoota Ayyaana

Ayyaannotni garaa garaa gareewwan adda addaatiin gaggeeffamu. Gareen hawaasaa gamni
tokko gosa ayyaanaa tokko yookiin kan biraa shaakala. Haaluma kanaan, gama
qorattootaatiin hubannaa ayyaanaa wakfakkaataa miti. Qorattoonni aadaa dhala namaa
ayyaanota bifa garaa garaatiin hubannaa dhuunfaa isaaniifi bu’a-qabeessumaa isaanii irratti
hundaa’uun qoqqoodu. Fakkeenyaaf, akka (Rossano, 2012) ibsutti ayyaanni walitti dhufiinsi
daa’immannii fi guddistuu walitti dhufiinsa ayyaanota maanguddootaa kanneen akka cidhaa,
affeerraaa badhaasaa, fi beellama mootii waliinii heddu caala. Garuu, ayyaanni guddistuu fi
daa’immanii giduu jiru miiraan cimaan barumsa kan dabarsu ta’ees argama. Miiraan barumsi
dabru kun daa’imummaa isaaniitii kaasee hamma dargagummaatti itti fufa.

Qorataan kan biroo ayyaanonni akka darban yookiin akka guddatan ibse. Ayyaanni darbuu
isaatiin dura jireenya namaa keessatti dhawaata barbaachisoo keessa darba (Haviland, 2007).

2.4.4.Uumaa fi Uumama

Xilahuun Gamtaa kusaan jechootaa Oromo English Dictionary (1989) jedhu keessatti uumaa
yoo hiiku:

“Uma: creat. I.e. cause some thing or bring into Bing …1 creation. Creat. Or allving uumaa
rabbi: God‟s creation / creatre.Jedha. “Hiika kan irraa akka hubatamutti uumaan Waaqa, kan

20
lafaa fi uumama lafa kanaa uumme jechuu yoota’u dabalatanis hiika uumamaa kan
Waaqayyo uume jedhu qaba.

Gammachuu Magarsaa (2005:70) qorannoo isaa “The Oromo Worlid View” jedhun

Uumaa refers to the entier physical world and the living things and divine being contained
with it, animal, vegetable minerals and spiritual.In this sense, uuma embrace ayyana itself,
just as ayyaana. Which is the cause of uuma, also encompasses it. The term uuma is derived
from the verb uumu meening literally “to creat” the nominal form of uumaa therfore to
everything that is crated, in short waaqa’s (God’s) creation.

Umaan wantoota lafa kana irra jiraatan lubbu qabeeyyii fi lubbu dhabeeyyii bineessota,
biqilota, albudoota fi afuura ilaallata. Haala kanaan uumaan ayyanafi kannen ayyanan
walqabatan ta’a, jechi uumaa jedhusi hundeen isaa xumura uumuu jedhu irraa akka horeefi
uumuu jechuun kalaquu yoota’u uumaa jechuun gabaabumatti wantoota waaqan uumaman
jechuudha.

Baruuleen Gadaa (6409/2014: 13-14) “Falaasama Ummata Gurrachaa Duuba Eenyutu Jira”
jedhu jalatti waa’ee Seera Uumaafi Uumama yoo ibsu:

Seeraa uumaa Waaqa guddaa kana hir’isuunis jal’isuun hin danda’amu sakkaba ta’a
sakkaba ooluun immoo uumaan mormuudha.Kanaaf siriniifi seerri Waaqaa-lafaa kan ittin
hubatamuudha malee akka sirna siyaasa Addunyaa ittin wal bulchuuf ykn Orma ittin
cunqursuuf kan uumamuu miti. Kanaafuu, Gadaa siyaasaan dorgumsiisuun uumaa fi
uumama wallaalu ta’a. Gadaan seera uumaati kalaqa uumama miti….

As irraa kan hubatamu uumaa jechuun Waaqa jechuu yoo ta’u uumama kanuumaan
/Waaqaan/ kalaqame ykn hojjetame ta’uu namatti agarsiisa.ayyaana irreecha irratti uumaa fi
uumamiin iddo kana hin jeene qabu oromoon kan malkaatti bahuuf malkaa sagaaduf osoo
hin tanee, uumammaa uumaa dinqisiifachuun uumammaa irratti bahaani uumammaa
qabatanii uumaa araarfachu ,kadhaachu fi galateefachuuf kana jeechun oromoon
margaa,daraaraa qabachuun malkaatti bahuun waqaa isaa kadhaata ,ararfaata ykn galateefata
jeechudha.

2.5.Iddoowwan Ulfoo fi Meeshaalee Ulfoo Kabaja Ayyaana Irreechaa


Akka ilaacha Oromootti Waaqayyo lafa tana yoo uumu callisee kan uume osoo hintaane
akkaataa isaan namaaf tajaajilanitti mijeesse uume. Iddoon marti tokkoo miti. Iddoon tokko,

21
tokko irraa adda. Kunis, Waaqayyo akka tajaajila issaniiti adda taasiisee uumee iddoo tokko
kan biroorraa adda kan taasiseef kaayyoofi akeeka waan qabuuf. Dhimma kana Tarruu
Unguree (2015:133-134) akkanatti ibsa:

Addunyaa tana waaqin gaafa uumu cal jedhee mit. Kaayyoo akeeka wayitiif uume.
Akkasumas, kabajaaf, ulfinafi eebba waliin uume. Horri, tuulluun, daandii, caffeen martinuu
kabajaaf ulfina Waaqaa waliin uumaman. Waaqni humna isaa ayyaantummaas kenneef
Waaqeefattoonni Waaqatti aansanii lafa /dacheedhaaf/ iddoo guddaa kennu. Waaqa akka
abbaatti yoo ilaalan lafa immoo akka haadhatti ilaalu.

Lafti waan hunda baatti waan hundas uumamaaf laatti. Lafti yakkamas, quufaas, beelayaas,
jabaas, dhibamaas, fayyaas,miidhamaafi fokkisaas,akkasumas jiraafi du’aa keenya baachuun
uumama Waaqayyoo hunda tajaajilti. Dacheen irra jiraannu midhaan nyaannu, kafana
uffannu, bishaan dhugnu biqiloota adda addaa waan ittin ijaarrannufi bashannannu, bareedna
uumamaa hunda osoo of hinqusatin nuuf laatti. Kanaaf, nu irraa galata, ulfinaafi kabajaa
guddaa argachuu qabdi.

Lafti /dirreen/ irra bobbaanee faayidaa daangaa hinqabinne irraa argannu tanaaf Waaqefataan
kabajaa ayyantummaa /hoodaa/ guddaa qabaaf. Dirreen akkuma jirutti nikabajama. Malkaa,
tulluu,hora, odaa, caffee /bakka Gadaan seera itti tumu/, qa’een warra ayyantuufi abdaariin
kabajaa addaa qabu. Dirreewwn ayyaanan guutaman jedhee dhugeefata, ayyantummaa isaanii
nikadhata, itti irreeffachuun akksumas daddarbaa gochuun galatefata. Dirreen inni kabajaa
kennuufis dirree irra boba’ee galuu fi Dirree /dachee/ ofii dhisee dachee ormaaf ulifina hin
kennu.ormaa halaalatti kabajjaan kennaf kan ofii garuu, waan irra bobba’ee galuuf kan
eenyuu caalaa kabajaa kennaf.

Akka walii galaatti, Waaqayyo addunya yoo uumu sabafaafi fayyidaa tokkoof akka uumeefi
taajaajilaafi jireenya ilmaan nama addunya tana irratti jiraatuuf mijeesse tokko kan biroo irraa
adda taasisee ayyana kan uume yoo ta’u, uuma isaan adda taasisee tajaajila ilmaan namaatiif
uume kana dinqisiifachuuf akka ulfinaa fi galata uumaa dirreewwan kana irratti taasifamu
agarsiisa.

2.5.1.Malkaa

Malkaan iddoo namnifi uumamni biroo irraa bishaan dhugu yootaatu, Waaqayyo dirree tana
dirreewwan biroo irra adda ishee taasisee uume. Kanaaf, Waaqa bishaaniifi qileessa uumee

22
lubbuun akka jiraatu taasise bakka jidhaa kanatti walgahahanii, walta’anii yoo kadhatan
Waaqni namaaf dhagaha jedhanii amanu.

Ulfina Malkaa ilaalchisee Alamuu Yaadasaa (2012) yoo ibsu; iddoo Oromoon Waaqa iiti
kadhatu keessaa malkaan tokko. Oromoon ulfina malkaa yoo ibsu malkaan ulfaadha, gaarri
ulfaadha jedhee ulafina dirree ibsa.

Taaboor (215-216) waa’ee Malkaa ilalchisee yoo ibsu:

የመልካ ዕሬቻ በ መስከራም ወር ውስጥ በመስክ ላይ የሚከበር በዓልነው፡፡


የመልካ ዕሬቻ ተፈጥሮ ህግ ሳይዛባ በመቆየቱ ወደፊትም ሚዛኑ እንደተጠበቀ
እንዲቀጥል ዋቃ ቶክቻ (አንድፈጣሪ) ለምለም ሣር ተይዞ ምስጋና የሚቀርብበት
ዕለትነው፡፡ ኦሮሞ በጋራ ተሰብስቦ የሚያከብረው የመልካ ዕሬቻ ላይ በክረምት
ወራት ዝናብ ለሰጠው ዋቃ (ፈጣሪ) ምስጋና ያቀርባል፡፡ ለወደፊቱም ቡቃያው
ተገቢውን ፀሓይ አግኝቶ አብቦ አሽቶ ፍሬ እንድይዝለት እንዱሁም ተመጣጠኝ
አየር ንብረት ና ከተለያዩ ፀረ-ሰብል ተባዮች ና ተምች ወዘተ ፈጣሪው
እንድጠብቅለት ልመናውን ያቀርባል፡፡እሬቻ የኦሮሞ ህዝብ በሬ በማረድ ከ
አምላካቸው ጋር በምስጋና ሚገናኙበት ዕለት ስሆን የፀሎት ማቅረቢያ ቦታ
በሀይቅ ወይም በወንዝ ዳር ምቹ የሆነ ስፍራ ይሆናል፡፡ ግምባሩ ነጭ በሬ
ከክረምት የመውጣት ተምሳላት ነው፡፡ በቱለማ ኦሮሞዎች ስድስቱ የዋቃ
ሀይቆች ተብለው የምታዋቁ የመስዋዕት ማቅረቢያ ቦታዎችናቸው እነሱም፡- ሆራ
አርሰዲ፣ሆራክልላ፣ ሆራፊንፊኔ፣ ሆራኤሬር፣ ሆራሀዶ ና ሆራ መርጦ ናቸው፡

Oromoonni waliin ta’uun irreechaa malkaa irratti ji’a Fulbaanaa galata Waaqaaf dhiyeessa;
midhaan facaafate aduu gaarii argatanii daraaran Callaa gaarii akka kennu raammoofi
ilbiisoonni midhaan isaa akka hinmiine Waaqa isaa itti kadhata. Irreecha irratti Oromoon
Korma qaluun guyyaa Waaqa isaa itti galata galchu yoo ta‟u kunis Malkaa ykn Horatti ta’a.
Mallatoo Ganna keessaa gara Birratti bahu korma gurracha addaa gaaree qabu qalu. Oromoon
Tuulamaa Hora jaha kan itti irreefatu qabu. Isaanis Hora Arsadii, Hora Kiiloolee, Hora
Finfinnee, Hora Erer, Hora Hadhoofi Hora Marxoo jedhamu.

Mulegeta (2014:58) malkaa ilaalchisee According to the World View of the Oromo
ingeneral and Karrayyu in particular, river is a source of water, and water is created by God
to purify human and nature gives alife for creature of God. In relation to this the
mytrological narative of Oromo reveal that God created Adam & Hawa around the river
basin. Thereafter, they (Adama &Hawa) stood up to the two opposite sides of the river and

23
saw each other in their bare bodies. Since that time, they become husband and wife. This
indicates that river is the sacred place and considered as a palce of Orogin of the Oromo
associated with Madda Walbu.

Asirraa wanti hubatamu Oromoo ialaachi inni malkaaf qabu malkaan madda jireenya
hundaati malkaan madda bishaanii jireenya hundaaf murteessa ta’e kan itti argatu qofa osoo
hintaane, iddoo madda namni itti uumameefi haadhaafi abbaa mana argate waan ta’eef akka
safeeffatuuf kabajuu dha.

2.5.2.Tulluu

Tulluun dirree ulfoo Oromon itti Waaqa kadhatu keessa takka. Tulluu ilaalchisee Alamuu
Yaadasaa (2012) yoo ibsu; Oromoon dirree keessaa bakka olguddaa ta’e. Tulluu irratti
irreefata. Tulluun bineessi hamaan, diinnifi dukkanni yoo dhufe iddoo iiti baqaatan. Oromoon
durii diina hamaan dhufee jennaan Tulluu Baasaa jedhamutti akka jalaa bahan af-seenaa irraa
nidhagahama; yeroo ammaa Oromoon kanaaf Tullutti irreefachuun Waaqayyo kadhatu.
Waaqayyo Tulluu dirree biro irraa adda taasisee ol kaase uume. Kanaaf Oromoonni lafa
addaa tana irrati walgahanii roobni akka roobuf itti irreefachuun Waaqa kadhatu.

Taaboor (2007:216) Tulluufi irreessa isaaTulluu ilaalchisee yoo ibsu:

እሬቻ የሚፈፀመው በበጋው ወራት ማብቅያ ና የበልግ (አፍራሳ) መግብያ ላይ


ነው፡፡ጎተራ የገበው የእህል ዓይነት ሁሉ በአንድነት የተዘጋጀ ምግብ ና በሬ ተይዞ
በቅርብ ባለው ተራራ ለይ በመውጣት ና በሬውን በማረድ ለፈጣሪዉ ምስጋና ስጦታ
የሚቀርብበት ፣ለመጪው ክረምት ዝናብ ስጠን፣ ወራቱን የአስመራ ጊዜ አድርግልን
በማለት የእርድ መስዋዕት የሚቀርብበት ዕለትነው፡፡ የቱለማ ኦሮሞዎች
የእግዝአብሄር ተራሮች በመባል ከኦዳ ነቤ ጋር የሚጠቅሱት ና ለዋቃ ቶክቻ ምስጋና
ስነስሪዓት የሚፈፀምባቸው መዕከል ትስምንት ተራሮች አለዋቸው፡፡ እነሱም፡- ቱሉ
ጩቃላ፣ ቱሉኤሬር፣ ቱሉቦሰት፣ ቱሉፉሪ፣ ቱሉኤግደ፣ ቱሉፎታ፣ ቱሉገላን፣
ቱሉዋቶዱላቻይሰኛሉ፡፡ሌሎችም እንድሁ በአቅራቢያቸው በሚገኙ ተራሮች በመገኘት
ለፈጣሪ ዋቃ ምስጋና ያቀርባሉ፡፡

Irreechi Tulluu kan raawwatu Waytiin Bonaa yeroo raawwatufi wayittiin Afraasaa yeroo
seenu yoo ta’u midhaan gara gumbii gale hunda irraa nyaanni qophaa’ee korma qabanii
Tullutti bahanii galata Waaqatiif korma qalu. Waytii Gannaa dhufu rooba nuuf kenni wayitii
dhufu wayitii oomishaa nuuf taasis jechuun kadhannaa korma qaluun raawatuudha.

24
Oromoo Tuulamaa Tulluwwan Waaqaa jedhanii seenaa Odaa nabee waliin walqabatee
tulluwwan sirna galata Waaqa Tokkichaatiif irratti galchan Tulluwwan jiddu galoo saddeet
qabu isaanis: Tulluu Cuqqaalaa,Tulluu Erer, Tulluu Boosat, Tulluu Furii,Tulluu Eegduu,
Tulluu Fooyetaa, Tulluu Galaan, Tulluu Waatoo Daalachaa keessatti argamu yoota’u warri
hafanis Tulluwwan naannoo isaanii Waaqayyo Uumaa isaaniitiif galata galchu.

Haaluma walfakaatuun, Tulluu ilaalchisee Mulugeetaa Ngaasaa (2014:58) yoo ibsu:

Mountain is sacred land where God is always available.Thus praying and conducting
libation in such shrine land brings about peace full, life besides thanks givinging praising
and praying to God in this sacred place would make evils impotent prevents demonic acts
ensure the provision of rain and makes the land fertile.

As irraa kan hubannu Oromoon tulluun lafa eebbifama bakka Waaqayyo itti nama dhagahu
yoo ta’u Oromoon lafa eebbifamtuu jedhee amanu tanatti bahee Waaqa galateeffata
akkasumas Waqa nageenyaa akkasumas akka roobee lafa qananiisu itti kadhatuudha.

2.5.3.Odaa

Ulfoowwan Oromoo keessa tokko odaadha. Odaan Oromoo biratti muka qofaa miti. Muka
Safuu olaanaa qabuudha. Waa’ee Odaa Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa (2007:123)
yoo ibsu

Odaan akka manguddoo Tuulamaatti muka ulfatadha.ykn muka ulfina guddaa qabuudha.
Hundeen Odaa lafa dhagaafi gooroo ta’e baqaqisee seenuun hundee isaa hanga metira
shantamaa /50/ lafa jala deemun bishaan kan barbaaduufi bonaa ganna otoo hin jedhin muka
yeroo hunda lalisuudha. Kana malees jedhu manguddoonni Odaan muka bifa adda ta’een
aannan qabu, Kanaaf; odaan ulfina argate gama tokkon immoo gaadisni odaa haaluma umrii
isaan kana uummata hedduu of jalatti hammatu gaadisa bal’aadha.

Kanaaf Odaan yeroo baay’ee akka iddoo irreechaa fi Waaqeffannaa kan jila Gadaa jalatti
gaggeefamuuf hambaa seenaa Oromooti. .

Gama biraatiin Alamaayyoo Yaadasaa (2012), waa’ee Odaa yoo ibsu Odaan muka gannaa
bona laalisee jiraatufi eebbifama yoo ta’u, Odaan waggota dhibba shaniin duraa eegalee
muka seerri. Seerri Gadaa Oromoo jalatti tumamuudha. Bara gamoon yaa’ii itti gaggefaman
hinjirretti gaadisa gamoo yaa’ii Gadaa Oromoo tajaajilaa tureefi ammas ya’iin jalatti
gaggefaman waan ta’eef Odaan Oromoo biratti muka kabajaafi ulfataadha. Tamisaasa Tv
OBS qophii Qa’ee ORomoo 18,/03/2016).
25
2.5.4.Marga Lattuu /Saardoo/

Margi ummata Oromoo biratti idoo olaanaa qaba. Jiruufi jereenya keessatti Oromoo bakka
marga dhiima itti hinbaane hinjiru. Araara Waaqaatii hanga dhimmoota dhuunfaa namoota
jiduu jiruutti marga qabatee raawwata. Waaqeeffannaaf irreechi marga, gaa’eela irratti
Soddaan warra Soddaa harka fuudha, dur namoota qoricha aadaa namaaf kennan irreecha
marga kennuuf, yeroo ammaas namoonni margafi maallaqa irrasa jechuun kennu, Oromoon
adaraa /amaanaa/ yoo walitti dhaamu cimsuu marga kutee harka kaayu kun hundi isaa,
Oromoon margaf kabajaa qabu agarsiisa.

Taaboor Waamii, (2007) marga lalisaa ilaalchise akka ibsetti uummata Oromoo biratti margi
magariisn mallattoo nageenyaafi badhaadhinaati. Hojii Waaqayyo hojjetef galata onnee irraa
madde fulduraaf nagahaan jiraachuuf kadhannaa Waaqayyootiif dhiyaatudha.Margi araaraaf,
ayyaaneeffannaa aadaatiif, hojii waliigalaa Siyaasa, diinagiddee hundaaf, kadhanaafi galata
Waaqaaootiif mallattoo latiinsaafi badhaadhinaa kan ta‟e marga qabachuun.Mulugeetaa
Nagaasaa (2014:167) marga ilaalchisee akkas jedha;

coqorsaa” is atype of grass wich may not dry in the dry season and its root is long and
stretched on the ground. Hence, it is greenness symbolizes prosperity on the one hand. On the
other hand its length is interpreted as as sign of continuity of generation.”jedha.

Kana jechuun Oromoon ilaalchi maraga coqorsaatiif qabu kan agarsiisu yoo ta‟u margi
magariisummaan isaa hawwiifi latiinsa badhaadhina agarsiisa. Gama biraatin margi coqorsaa
yeroo roobni hinjirre illee maraga akka salphaatti gogu miti, hundeen coqorsaa yeroo dheeraa
gogiinsa dandamatee tura, coqorsi marga hundee dheera qabuudha. Kun immoo fakkommii
ittii fufiinsa sanyii, jabinaafi latiinsa agarsiisa.

Qorataan manguddoo Bantaa Turree (19/10/2020) gaafiifi deebii gaggeesseen Margi Oromoo
Biratti iddoo olaanaa qaba margi jireenya lubbuu qabeeyii lafa kanaaf madda jireenyaat.
Margi uumama uumaan madda jirenya uumama birootiif bu‟uura taasisee uumeedha. Margi
osoo jiraachuu baatee lubbuun kamiiyyuu hinjiru kanaaf, Waaqayyo marga uumama jireenya
kanaaf madda jireenyaa taasisee uume waanta‟eef marga qabatanii yoo Waaqa kadhatan
Waaqayyoo namaaf dhagaha. Oromoon uumama qabatee Uumaa isa kadhata.

Manguddoon Oromoon ijoollee biratti yoo waan dubbachu hinqabne dubbachuu fedhan
waaqa ijoolleef marga qabe jedha; ijleenis manguddoota biratti wanta dubatamuu hinqabne

26
dubbachuu yoo fedhan waaqa abbootiif margaqaba jedhanii hoofkaltii gaafatu. kana jechuun,
safuu cabseef marga qabtee dhiifama waaqayyo gafachuu agarsiisa.

kana irraa hubachuun akka danda’amutti margi mallattoo latiinsaa ittiifufinsaafi


badhaadhinaa guddinaatifi araarati. margi kennaa waaqayyo addunyaa tanaaf jireenyi akka
itti fufu kenneedha. kanaaf margi ulfinaafi safuu olaanaa qaba

2.6.Meeshaalee Ulfoo Ayyaana Irreechaa


Adaa uummata Oromoo keessatti meeshaaleen ulfoo safeeffaman heddutu jiru. ulfoowwan
kun hawaasicha biraatti ni kabajama ykn iddoo olaanatu kennamaaf.ulfoon kun akka feeteen
osoo hin taane iddoo murteessaafi barbaachisaa qofatti dhimma itti bahu. dhimma
kana,Tarruu Unguree (2015:132) akka armaan gadiitti ibsee jira.

Ulfaawwan Safuu ykn hoodaa meeshaalee amantii ta’anii kan ayyaantummaan qabaniidha.
yeroo waaqa kadhatan, yeroo araaraa, yeroo intala kadhatan kkf ulfaawwan kanatti dhimma
bahama.ulafaawwan safuu kun ayyaana uumamaa ykn ayyaana gadaan tumeef qabu.
ayyaantummaan isaaniinkunis saba tiksa, saba fayada, sabaaafi maatii, waatii eega.

ulfaawwan Oromoo kan ganamaa ulfaawwan safaffama guddaa qabu. ayyaantummaa guddaa
qabu dhibdeefi rakkoo isaaniif uumaafi uumama biroo giddutti uumamu ulfaawwan kan
baasee yoo kadhate waaqinni ni araarama, uumamas ni araarsa. ulfaawwan hoodaa kanneen
ittin waaqa kadhatan qabatanii ittin abaaru ittin kakisiisu ittin yoo bulan nimilkaa’u, nihoru,
waan gargaraa ofiis ni argatu.

ulfaawwan Oromoon kabajaa kennuuf hedduudha. Isaan keessaa muraasin: Bokkuu,


Kallacha, Caaccuu, Callee, Siiqqee, Alangee, Qorxii, Okoleefi Gaadiidha. ulfaawwan kun
waaqqefattoota biratti kabajaafi ulfina adda qabu. waaqa kadhachuf barbaachisu. Oromoon
meeshaalee ulfoo kana ni ulfeessa kabajaa guddaa kennaaf, ayyaana isaanii kadhata garuu,
waaqa jedhee akka waaqatti isaan hinilaalu, iddoo qulqulluu teesisa.

2.6.1.Kallacha

Kallachi ulfaawwan uummata Oromoo biratti iddoo olaanaa ykn kabajjaa olaanaa qaban
keessaa tokko waan ta’eef iddoo kabajaa/ qulqulluu kaawama. Kallachi dhiima ulfaatafi
kabajaamaa ta’eef malee iddoo marat gad hinbasan.

Kallacha ilaalchisee Alamaayyoo Yaaddeessaa (2012:102-103) akka armaan gadiitti ibsee


jira.

27
kallachi kan tolfamu waan waaqaa bu’e /bakakkaa/ irrayi jedhama. Fakkidhuma isa waaqaa
bu’ee sanini sibiila irraa hojjetama. Kallachaa kan qabani warra ayyaanat. akaakuu kallachaa
lamatu jira. isaaniis Kallacha Kormaa fi Kallacha Lafaa jedhama. Kallach kormaan
dhimmoota gururguddaaf ittti fayyadamu. Fkn uummataa keessatti seerri tokko yoo cabe
namni seera cabse suni yoo amanuu baatee kallachaan kakkachisu. namni tokko yakka
hojjetee sobaan kallacha qabatee yoo kakate isa kallacha lafaa immoota xixiqqoo ta’aniif
fayyada. warri gadaa gaye mataa isaa irratti kan keewwatan kallacha lafaa isa jedhamu. kunis
aangorra jiraachuu isaanii agarsiisa.

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa (2007) kallachi meesha hoodaa, ulfna guddaa kan qabuu
yoo ta’u bifa lamaan beekama isaanis kallacha kormaafi kallacha laafaa jedhama. kallacha
kormaa warri qaalluu caaccuu waliin qabtu. kallacha laafaa warri gadamoojjii mallattoo
aangoo agarsiisuf kallacha irrati kan hidhataniidha. kallachi walitti bu‟iinsi yoo uumame
hayyoon qabatanii jidduu yoo senan bakka kallichi jirutti walitti bu’uu safuu cabusuu waan
ta’uu sodaa guddaa uuma. kallachi iddoo ayyaana irreecha,sirna araaraa, moggaasatti,sirna
guddifachaa fi waltajjii ni baha. ilmi guddifachaa ilama kallachaa jedhame yaamama. Sirna
guddifachaa raawachuu /seera guutuuf/ kallachi bahee moggaasin raawatama.

walitii bu’iins Oromoo jiddutti yoo uumame Kallaachaa fi Caaccuu qabatanii waltajii ykn
araddaa beekamaa tokkotti yoo bahan araaraaf kadhatu. namoonni araara kanaaf bahan hanga
yaada araaraa fudhatanitti gara manaatti hin galan. yaata’u malee, kallachi waan ala
hinbulleef kadhannaa kallachaan baheef fudhatama argatee araarri raawwata. araarichi
battalatti raawwaatuu yoo baate araaraaf yaata’u yoo jedhame beelamaan akka ulfinaan
raawwatamu taasisuun araarri sun haloo malee qulqulinaan akka raawwatu eebbaafi abarsan
deegaru. kallachaafi caaccun wal biraa hinhafan. kallacha abbaan warraa yoo qabatee bahu
haati warraa caaccuu qabattee baati. kallachi mallaattoo qama dhiirati /kormaati/. Caaccun
immoo mallatto qaama hormaata dubartiiti. kallachi waaqaa kan bu’e yoo ta’u caaccuun
bishaan keessaa bahe. Kallachaa fi caaccun mallattoo hormaataa yoo ta’an. kunis waaqaa fi
lafti walitti dhufani dhala namaa argamsiisan agarsiisa.

Dirribii Damissee (2012) kallachi ulfaa guddaa waaqeeffatan waaqatti aansee kabajaa kennu
yoota’u; sodaatamaafi safeeffatamaadha. kallacha yeroo bay’ee dhimma nageenyaatiif
araaraa dhimma itti bahama. bara hoongeen hammate kallacha qabanii malkaatti bahuun
waaqa ittin kadhatu. yoo namni wal ajjeese kallacha baasuun ittin araarsu.

28
Lalisaa Aadaa (6413 LW) Oromoo hunda biratti kallachaafi caaccu bachuuf kan mirga qaban
warra hangafaati. gosa hangafaa keessaa warri dhiiraa kallacha yoo baatan dubartoon haadha
warra hangafaa caaccuu baatu.

2.6.2.Caaccuu

Caaccuun ulfoo uummata Oromoo biratti kabajaafi ulfina olanaa qaban keessa tokko.
Caaccuun Safuufi ulfina guddaa qaba. Dirribii Damissee (2012) Caaccuun gogaa goromsaa
irraa elellaan fi calleedhaan bareedee tolafama. Caaccun abarsaaf hinbahu. yoo eebbaf ta’e
malee; Caaccuu dubartiitu baata.Caaccuun mallattoo araaraa yoo ta’u; dubartoon Caaccuufi
Siiqqee qabatnii araara, rooba, fayyaa hormaataafi waan kkf waaqa kadhatu. haati caaccuu
Caaccufi siinqee qabatee waraana jidduu yoo seente waraan nidhaabata.

2.6.3.Bokkuu

Bokkuun ulfaawwan Oromoo biratti bal’inaan beekkaman keessa isa tokko yoo ta’u sirna
gadaa keessattis Bokkuun iddoon inni qabu ol aanaadha. Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa,
Bokkuu ilaalchisee (2007:160-161) yoo ibsu:

Akka aadaatti Bokkuun iddoo lamati qoodama: kan gosa hangafaa kan malka hin ceeneefi
kan gosa quxusuu malkaa ce’uu danda’udha. gadaa keessatti warri Bokkuu eenyumaa caalaa
ulfina qabu. iddoo rakkoofi bakka hamtuun jiru maratis araara buusu. akkuma kallachaa karaa
aadaan human waan qabuuf, warra isa qabateef dhimmichi batalumatti raawwata. kanaaf
tuulamni mammaaksa keessatti, “Bokkuun ala hin bulu jedha.”

Alamaayyoo Yaadasaa (2012) Bokkuun uuummata Oromoo biratti bakka guddaafi kabajaa
qaba. dur bokkuun waaqa irraa muka ejersaa irratti bu’e jedhamee amanama. yeroo ammaas
bokkuun mukaa ejersaa irraa kan tolfamu yoo ta’u dheerinni isaa ciqlee tokko kan gahu yoo
ta’u wanta hanga hamma haboottuu harkaa gahu mataa isaa irraa qaba. dur bara sirna Gadaa
bokkuun Booranaa fudhachaa turan. uffanni Bokkus wandabboo jedhama.

Dirribii Damissee (2012) Bokkuun inni calqabaa akkuma kallachaa waaqaa kan bu’eefi
mallattoo aangootti. Bokkuun kabaja guddaa yaaqabaatu malee akka kallachaa hin
sodaatamu. abbaan gadaa Bokkuu qabatee seera tumame labsa. Bokkuun naannoo adda
addaatti malattoo gadaatti. Bokkuun naannoo isaatii bahee laga hincehu, yoo akka tasa laga
cehe falaafi faloo qaba.

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromoyaa (2007) Bokkuu walitti bu’iinsi Orommota jidduutti yoo
uumame abban bokkuu araddaa isaarra gara araddaa walitti bu’iinsi uumameetti Bokkuu isaa

29
qabatee godaanee jidduu isaanii seena. kana booda abbaa bokkuu tarkaafatee kan gara lolaa
seenu hinjiru. abbaan bokkuus hayyuu baasee hanga fe’es turu warri walitti bu’an walitti
araarsa. kun ta’uu baanan abbaan bokkuu bokkuu isaa lafaan rukutee abaaruun deema. diduun
garuu gonkumaa waan yaadamuu miti. kunis maaliif yoo jedhame Bokkuun bahee Oromoon
araara didu ykn mormu hinjiru. yoo kan araara didu ta’ee hammeenya hamaatu uumamuu
danda’a jedhamee amanama. kanaf, Bokkuun akka Safuufi duudhaa araaraa tokkotti kan
fudhatamuudha.

2.6.4.Siinqee

Siinqeen ulfoowwan Oromoonni kabajaa olaanaa qabaniifi Safeeffatan keessa tokko yoo
taatu Siinqee kanqabataniifi itti fayadaman dubartoota. waa’ee wayyoma Siinqee Dirriibiin
(2012:158) akka armaan gadiittii ibsee jira.
Siinqeen kabajaa, saalfiifi sodaatama guddaa qabdi. akka ulee biro siinqee horiin hintiffatan,
sareen hindarbatan akkasumas, dugdaaf hin dhaabatan. seeraf qabatan (ittin seereffatan)
wayyuuf wayyoomaf qabatan. kanaaf, dubartii siinqee qabatte nisodaatan, nisaalfatan, ni
ulfeeffatan (kabajan). fakkeenya yoo dubartiin siinqee qabattee karaa irratti namatti dhufte
nama hoofalchitu malee bira hindarban ykn hinqaxxamuran, malkaa ishii dura hince’an.
kana malees, dubartiin rakkattee Siinqee kadhaaf baate waan of harkaa qaban hindhoowatan.
Gama biraatiin Dirriibiin, (2012) haala Siinqee mormiifis ta’ee sirnaaf dhiima itti bahan
ilaalchisee akka armaan gadiitti ibsee jira. dubartoon yoo malakaatti bahan Siinqee biratti
coqorsa lattuu, qarruu, ciicoofi gadii qabatu. gaafa mormii bahan immoo Siinqeefi waan
mormaaf bahan harkatti qabatti. kunis, yoo mormii dhaqxu Siinqeefi waan mormuuf baatu
harkatti yoo qabattu yeroo gara manaa deebtu irreessa cirattee Siinqee waliin harkatti
qabattee galti. dubartoon gocha raawwii aadaa keessatti Siinqee haalaafi raawwii aadaa san
waliin faayadamu walii dhiima itti bahu. fakkeenyaaf, yeroo qanafaa baatu Siinqee waliin
xuxxoo, shaxxee, korinyee fi irreesa harkatti yoo qabatu. guyyaa ateete facaafattu Siinqee
qabatanii moramatti callee, qomatti wandabboofi qoloo uffatanii irreecha qorii keessa
cuuphanii dhadhaa facafatan. gaafa duula gaggeessan wandabboofi callee kaawatanii Siinqee
irreessa waliin qabatanii bahu. walumaa galatti dubartoon yoo mormiif bahan malee Siinqee
irreessa waliin harka mirgaatti kan qabatan yoo ta’u guyyaa mormii Siinqee harka bitaatti
qabatanii waan mormaan harka mirgaatti qabatu.
Siinqeen faayidaa hedduu qabdi. waldhabbii gosa /hawaasa/ jiddutti uumamee waaranni
ka’ee dubartii Siinqee qabattee ililchaa jidduu yoo seente waraanni sun battalumatti
dhaabbata. kana malees diinni naannoo biraarra dhufee yoo biyya weerare dubartoon

30
Siinqee qabatnii ililchanii warra dhiiraa eebbisanii gara waraanaa gaggeessu. kana
qabeenyi jalaa barbadaaye ykn bade Siinqee qabatanii hirphaniif. dubartii dhala dhabdee
Sinqee qabatanii dhala kadhataniif dubarii imala deemtu akka dhiirri ishee hinxuqinne
Siinqee qabatee deemte wayyooma siinqeetiif dhiirri ishee hinxuqu.
akkaa duudhaa Oromoo ganamaatti Oromoon fira dhiigaa hinfuudhu, waliin hinciisu yoo
fuudhe ykn waliin ciise haraamuu jedhama. osoo hinbeekin yoo kun raawate akka
hinharaammofinne haraamitticha dubartoon Siinqee qabachuun kuldhaa baasu ykn
qulqulleessu.
Mulugeeta Nagasaa (2014: 60) waa’e Siinqeefi wayyooma siinqee ilaalchisee yoo ibsu
akka armaan gadiiti kaayee jira. “Sinqe is a symbol of power that stands for protection of
womens right in the Goda system. It function through ritual practice predomiantly by
Women.” Jedha. kana jechuun siinqeen sirna gadaa keessatti ulfaa dubartoonni mirga isaanii
ittin eegataniifi fakkoomii aangoo dubartootaa agarsiisudha.

2.6.5.Jaanoo

Akka armaan gadiitti kaayee Jaanoo ilalachisuun Mulugeetaa Nagaasaa (2014:93) yoo ibsu
jira.

Jano„is atype of costum commonly used in Oromo religious and secular rituals. It made up of
garment having a wide red color inits edges. Relatively it is large in size it is read colour
symbolzed blood bandage, community ties and individual courage as sacred and handed over
the religious and cultural elites during ritual ceremonies particularly of marriage and power
transfer of Gada class. During marriage ceremony the Jano is handed over the father of a
bride by the bridegroom as bride wealth. During ritual performance dedicated to the power of
transfer of Gada system the custome of this kind is given as gumata (gift) to the out going
Abbaa Boku and by their relatives and affiliates.

kan irraa kan hubannu akka amantaafi duudhaa Oromootti jaanoon ufta kabajaafi safuu qabu
yoota’u jaanoon yeroo hojjetamu haalluu /kuula /diimaa bal’aa ta’e fiixee irraa kan qabufi
uffata abbootii amantaa, abbootii gadaafi hayyootaan yeroo sirnaa ufatamuudha.
haalluu/kuulli/ diimaan jaaanoo fakkoomii walitti hidhamiinsa dhiigaa hawaasichaafi
gootummaa kan ibsuudha.

31
2.7.Sirna Gadaa Oromoo
Qorannoon kun sirna ayyaanaa Irreechaa malkaa Kataaraa fi akkasumas sirnoota ayyaana
saba Oromoo biratti bu’a qabeessummaa, fi faayidaa jireenyaa ooltee bultee keessatti qabu
ilaaluun baay’ee barbaachisaa ta’a.jireenya guyyaa Oromoo keessatti, gochi hawaasichaan
raawwatamuu cufti bu’aa ofii isaa qaba.

Kanaafuu, ummanni Oromoo akkuma ummata fi saboota kamuu dhaalaa fi hambaa seenaa
qabatamoo fi kanneen qabatamoo hin taane isaan jaarraalee hedduun dura walhidhatiinsa
ummataafi uuma hawaasummaan fi kanneen akka ibsa eenyuummaa ummatichaa ibsan qabu.
Oromoon afaan, seenaa fi eenyummaa, amantii dhaabbilee seeraa, fi dhaabbilee siyaasaa
waliinii in qoodata. keessumaa immoo kan sabicha adda taasisu qabeenyota uumamaa fi
aadaan hogganaman sirna bulchiinsa aadaa innis sirna gadaa isa duudhaalee dimookiraasiitiin
badhaadhe fi ardii Oromiyaa guutummaa irra isa babal’atee jiruuni. Sirni gadaan heera saba
Oromoo ta’ee kan ittiin hogganan, daangaa isaanii ittiin ittisan, diinagdee isaanii ittiin
tursaniifi dagaagfatani.

Aadaan duraanii jireenya ammayyaa biyyattii keessati laafaa adeemus sirni gadaa saba
Oromoo haaluma hundaanuu siyaasaa hamma amantiitti hamma ammaatti dhiibbaa irratti
gaggeessaa jira (OCTB, 2016 ).qorattoonni garaa garaa sirna gadaa Oromoo akka armaan
gadiitti addeessu. Seenaa isaanii bilisa itti turan keessatti Orommoonni caasaa hawaas-siyaasa
dimookiraatawaa dhuunfaa isaanii ta’e sirna gadaa dagaagfatanii ture. akkasumas sirna daran
cimaa lakkoofsa guyyoota waggaa kaaleendara ayyaanaa jedhamus qabu ture. Sirni gadaa
yeroo kamiyyuu taanaan yeroo safaruuf mala bakka buusa hin qabneedha (Legesse, 1973;
Melba, 1998; Megersa, 1998).

Sirni gadaa kan xiyyeeffatu daawwannaa Astiroonomii sirrii kan moggaasa guyyaa fi ji’aa
irratti hundaa’edha. Sirni gadaa jireenya amantii Oromoo, hawaasa, siyaasa, fi diinagdee
jaarraalee hedduuf too’achaa tureera. Asmarom, sirna gadaa gadifageenyaan ennaa qorattu
gadaan sirna caasaalee waggoota saddeet saddeetiin gurmaa’uun waardiyyaa, diinagdee,
siyaasa, fi ittigaafatamummaa jechuun qoodudha (Legesse, 1973).

2.8.Ayyaana Irreechaa Sakatta’a Barruu Keessatti.


Ayyaanni Irreechaa idoowwan garaa garaatti gaggeeffama; irra caalaa garuu iddoolee ijoo
lamatti gaggeeffama.

Irreecha Tulluu: - inni kun sirna ayyaanaa Tulluwwaan gubbaatti gaggeeffamu. Yeroon sirni
kun gaggeeffamu ammo seensa arfaasa yeroo heddu baatii Ebla keessa. Baatiileen sadan

32
darban waqtii aduu, yeroo namnii fi saawwanis gogiinsaan (hanqina bishaanii fi margaan) itti
dararamani. Kanaafis, yeroon kun ennaa Oromoonni cufti iddoo garaa garaa jiraatan walitti
dhufuun Waaqa (Uumaa) isaanii rooba akka isaaniif kennu kadhatani. Iddoon kun jiidha
qabuun kadhataaf mijata akka ta’e hubatama. ta’iin sirna ayyaanaa kun waaqeffannaa
qubattoota durii sulula laga Naayil dhiyeenyaan walhidhatiinsa qabu jedhama (OCTB, 2016
).

Irreecha Malkaa: - Irreechi akaakuu kanaa haarowwaan fi malkaa laggeenii irratti


gaggeeffama. Irreechi kun kan raawwatamu akkuma waqtiin gannaa darbanii roobni
caameeni. Ayyaanni kun kan kabajamu walakkeessa baatii Fulbaanaatti wayta dukkanni
gannaa darbee waqtiin ifaa Birraan bari’eeni. Ayyaanni akkanaa kan taasifamu malkaa
laggeen qofaratti utuu hin taane dablataanis naannawa haroowwanii fi marsaa isaaniitti.
Irreechi gosa kanaa darbee darbee ayyaana Birraa jedhamuunis beekama. Yeroon kanatti
firoonni, maatiin, fi gosoonni laggeen guutaniiin gar gara citanii ture walitti dhufani
(Regassa, 2013). Abootiin Malkaa fi Abbootiin gadaa fi hirmaattonni marga coqoorsa fi
daraaraa keelloo(masqallaa) harkatti qabatanii galataa, eebba, fi kadhata isaanii gara
Waaqaatti dhiyeeffatu. Marga magariisa fi daraaroowwan sana bishaanichatti cuubanii galata
dhiyeeffatanii ittiin irreeffatanii, faaruudhaan erga guduunfamee booda xumuru. Sana booda
faaruun Mareehoo! Mareehoo! Hiikni isaatis waggaatti naanna’ee kan dhufu akka ta’e himu.
Itti fufees faaruun dubarttoota meeshaalee kanneen akka caaccuu, uuffata aadaa fi Siinqee
warri dhiiraa ammoo ulee Harooressa harkatti qabachuun Irreechoo yaa irreecha malkaa
roobaa fi nagaa jedhu. Sirna kadhataa kanaan booda hundumtu isaanii gara manneen
jireenyaa isaaaniitti Abbaa Malkaa fi dureewwan gosaatti aananii adeemu (Rebuma, 2019).

33
BOQONNAA SADII
MALA QORANNICHAA
3.1.Saxaxaa Qorannichaa
Saxaxni qorannoo tokko kallattii qorannichaa kan namatti agarsiisuudha. Saxaxni qorannoo
tokkoo qorataan maal, akkamitti, isa kam, eessatti akka qoratuu fi yoom akka qoratu kan
murteessu; akkasumas, gaaffiiwwan qoratichi deebisuuf, jedhu, kaayyoo isaa fi akaakuwwan
odeeffannoo argamu beekuuf kallatti kan itti agarsiisuu dha jedha.Haaluma kanaan
Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, sababni
isaatiis meeshaalee funaansa ragaa qorannichaaf barbaachisan argachuuf mijataa waan ta’eef.
Kanaafuu, mala akkamtaa bu’uureffata jechuudha.

Qorannoo kana keessatti odeeffannoon guurame lakkoofsaan osoo hin taane mala ibsutiin
hiika kan argatu ta’a. Qorannoon tokko haala ibsurratti yoo xiyyeeffate, saxaxni isaa ibsa
ta’a. Kan ibsamus odeeffannoo akkamtaarratti yoo hundaa’e, saxaxni isa ibsa akkamtaa,
odeeffannoo lakkoofsaan ibsaman yoo bu’uura taasifate garuu, ibsa ammamtaa ta’a jedha.

Kanaaf, saxaxni qorannichaa waliigala qorannicha kan to’atuu dha (Dassaalany, 2002;
Addunyaa, 2013). qorannoon kun ‘qorannoo aadaa hawaasaa’ jalatti ramadama. qorannoon
gosa akkanaa kun waan jiruufi jireenya dhala namaa keessatti mul’atan: duudhaa, dandeettii,
hir’ina, cimina, fedhii, jaalala, jibba, gadda, gammachuufii kan kana fakkaatan
daawwachuun, gaafachuun, yaadannoo qabachuu fi waraabuun ragaalee funaanuun
adeemsifama.

Qorannoon aadaa hawaasaa (ethinographic reaserch) irraatti xiyyeeffatu aadaa hawaasa


murtaa’ee bakkuma jirutti ibsuudha. qorataanis hawaasa keessa deemee kallattiidhaan
dhimma irraatti xiyyeeffatu kana gadi fageenyaan qorata. sana booda haala qabatama
naannawa sanaaafii nama irratti xiyyeeffatu sanneen sirriitti ibasa. qorannoon aadaa
hawaasaa irraatti geggaaffamu waa’ee hawaasichaa qorachuurra darbee hawaasicharraa
barachuurratti xiyyeeffata. haaluma kanaan qorattichi sirna irreecha irratti tajaajajilu
maanguddoo naannoo sanarraa barumsa argata.

3.2.Madda Ragaa Qorannichaa


Madda ragaa qorannoo ta’anii kan tajaajilan gosa lama yoo ta’an , inni tokkofaan:-
namoota beekumsaafi hubannoo irreechaa malkaa qaban jedhamanii yaadaman isaanis;

34
manguddoota, abbootii gadaa, dubaartoota,dargaggoota fi ogeeyyii waajjira Aadaafi
Turizimiiti.

ragaa gama barrefamatiin kitaabilee aadaafi dudhaa Oromoo irratti barreefaman, qorannoo
irreechaa malkaa fi tuluu ,ateetee, duudhaa, safuufi safeeffannaa ummata Oromoo irratti
hojetaman, barreefamoota gaggabaaboo dhimmoota aadaafi duudhaa irratti barrulee
gaggaababboo wa’ee irreecha irratti barra’aan marsaa intaneettii madda ragaa sadarka
lammafaati.

Akkasumas; rawwii waltajjii hawaasaa iddoo kabaja ayyeenefanna irreechaa birraa Fulbaana
6/09/2020 Godina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo malkaa Kataaraati gaggeefame, rawwii
sirna ateetee malkaa godina Arsii aanaa Leemmuu fi Bilbilooti amajjii 13, 2012 ganda
Dawaa Bursaa fi Caamsa 2, 2016 ganda qooma kataaraatti raawwate.

Akkasumas, Tamsaasa kallattii TvOBS irreessa Hora Harsadiifi tamsaasa qophii “Qe’ee
Oromoo” jedhu dokimantarii aadaafi dudhaa Oromoo irratti (Fulbaana,2015 hanga
Adoolessa, 2016) dhiyaatan irreessa malkaa Soori, irressa malkaa Danbal (Taajoo Malkaa),
Ateetee Deemsisaa, irreessa Tulluu Baarrak, waltajii tokkummaa Abbootii Gadaa Odaa
Roobaa, dhiyeesse irraa, ragalee rikkardii ta’anii qorannichaaf barbaachisan meshaa
waraabbii sagalee,fi yadanoo barrefamatanii walitti qabanii jiru.

3.3.Meeshaalee Ragaan Ittiin Funaannamu


Ragaalee funaanuuf toftaaleen garagaraa qorannicha milkeessuuf oolan jiru. qorannoon
akkamtaa dhugaa hawaasa tokko keessa jiru bira ga’uuf mala af-gaaffii ,daawwaana ,marii
gareetti gargaaramuun ni danda’ama.

3.3.1.Af-gaaffii

Irreechii malkaa kadha waaqa uummanni Oromoo guyyaa guyyaa fi bara baraan dhiimma itti
bahaa jiru yoo ta’u raggichi kan argame hawaasa keessaa namoota beekumsa aadaafi duudhaa
hawaasaa qaban jedhamanii yaadaman dhiira kudha afur dubartii shan walitti qabaa kudha
sagaalif, af-gaafii dhiyaate jira.

Sababni af-gaafiin ragaan akka sassabamu barbaadameef raga qorannichaaf barbaarchisu


argachuuf irraa caalaa faayidaa waan qabuuf qorataan raga fi odeeffannoo barbaadu argachuu
jedhee waan itti amaneef. Af-gaafi ilaalichisee, Nunan (1992:149) yuu ibsu

35
The oral interview has been widely used as research socio linguistics and so on.
Interview can be divided into three depending up on their characterized in terms of their
degreeof formality.These are unstructured interview, semistructured interview and structured
interview. The agenda is totally predetermined by the the researcher who works through alist
of set questions in a predetermined order.

Akka ibsa barreeffama kana irra hubannutti af-gaafiin gosota qorannoo saayinsii xinqooqa
hawaasaafi gosa sayinsiiwwan hawasaa biroof kan gargaaru yo ta’u, qorataan akaakkuwwan
gosoota af-gafiin qabu keessa filatee akkaata qorannoo isaattif ta’utti akka filachuu danda’u
ibsa.

Qorataanis af-gaafiin qorannoo kana keessatti fayyadame af-gaafii gamisaan qindaa’aa /semi-
Structured/ ta’eedha. kuniis gaafileen ragaa argachuuf barbaachisan qinada’aniij ka’uumsaf
kan dhiyaatan yoo ta’u odeeffannoo kennitoon /informants/ daangaa tokko malee akka deebii
kennuufi akkasumas dhimma gaafii tokko iratti ka’e gaafii biraa keessatti irra deebiin ibsuuf
carraa kan uumuu yoo ta’u, qoratanis dhimmota ifa hin taane gaafii barbaade keessatti irraa
deebi’e kaasuuf haala mijaawaa waan uumuuf mala kanati gargaarame.

Gaafileen af-gaafiif akaakuu gaafii banaa ta’an jaha dhiyaate jira. Sababni gaafilee banaa

/open ended questions/ ta’aniitti fayyadameef ragaa barbaadamu argachuuf gaafilee cufaa
/closed ended question/ caalaa na gargaara jedhee qorataan waanan yaadeefi namoonni
gaafatamanis bilisaan akka deebsan mijaawaa ta’uu isaatti. Kanas Yaalawu (2011) wa’ee
gaafii bana fayyadamuu yoo ibsu ‘’gaafii banana mala qorataan odeeffannoo kennitoonni
/Informants / irraa gaafii qofa dhiyeessee deebii ittin funaannatuudha’’. Akaakuu gaafii kana
keessatti filannoo dhiyaatu hin jiru. Odeeffannoo kennitoonni daangaa tokko malee yaada,
beekumsaa fi hubanno qaban akka fedhii isaanitti ibsuuf, isaan taasiisuun ala faayidaa hedduu
qabaa.Qorataan waan irraaffate maddoota ragaa irraa argachuu danda’a.

Maddoon ragaa /informants/ bilisa ta’anii akka deebii kennan isaan taasisa, kun immoo
qorataan ragaa bal’aa qorannoo isaaf barbaarchisa argachuuf gargaara. Qorataan yaada
bu’uuraa furmaataa qorannoo isaatiin kennuu akka argatu isa gargaaa.

Keessayyuu dhimmoota baay’ee murteessafi barbaachisaa miira odeeffannoo kennitoota irraa


argachuuf bu’aa olaanaa qabachuu isaati.

Gaafileen qajelchituu afi-gaafii od-kennitootaaf dhiyaateef.

36
Ayyaanii Irreechaa malkaa Oromoo biratti maal?

Duudhaa fi Safuun irreechii ofii keessa qabu uumata Oromoo biratti akkamittii laalam?
Hangafaa biratti?, yaa’ii malkaa keessatti.

Ardaalee fi meeshaalee ulfoo uummanni Oromoo safeeffataman isaan kami?

Gaheen manguddoon,dubartoon fi dargaggoon kabaja ayyaana irreechaa irratti qaban maali ?

Dhiiban kabaja ayyaana irreechaa irratti mul’atu maali irraa madda?

Sirnoon kabaja ayyaana irreechaa irratti rawataaman maali ?

3.3.2.Daawwannaa

Qorannoo sakkata’a kabajini ayyaana Irreecha uummata Oromoota godina Arsii


xiyyeeffannoo Aanaa Leemmuu fi Bilbilloo malkaa Kataaraa jedhu kanaaf mala ragaan ittin
funaname keessaa tokko daawwannaa yoo ta’u kunis ragaa qorannichaaf qorataan barbaaduuf
murteessa ta’an argachuuf barbaachisaa ta’ee waan argateef. Daawwannaa ilaalchisee
Yaalawu (2011) qoratan bar-gaafiifi af-gaafii alas odeeffannoo sassabbachuuf daawwanna
fayyadamuu nidanda’a. malli odeefannoo daawwannan qorataan sassaabu namoota, ykn
naannoo qoratu waan raawwatamu ija isaatiin daawwachaa galmeessaa ittin sassabatuudha.

Kanas, qorataan gaafatee osoo hin taane wanta qoratamaan ykn qaamni ragaan irraa
barbaadamu itti yaades ta’ee osoo itti hinyaadin raawwatu qaamaan argee raga sirrii ittin
argatuu yoo ta’u qorataan odeefannoo yoo sassabbatu ala dhabbatee daawwachuun ykn garee
odeeffannoo irraa sassabbbatu waliin hirmaachu ta’uu danda’a.

Ala dhabatanii dawwannaa geggeessu irraa, keessatti hirmaachuun ragan sassabamee argame
kallattii kaminyuu irraa caalaa murteessadha. Sababni isaas, ala dhabatanii ilaaluun raawwii
qofa kan ilaalamu yoo ta’u keessatti hirmaachuun raawwii raawwatamu ofiifis raawwachuun
waan ta’eef qabatamaadha.

Qorataanis qorannoo isaatiif daawwannan gaggeesse jira, daawwannan gaggeefames raawwii


sirna irreessa malkaa kataaraa (06/09/ 2020) godina Arsii aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ganda
Qooma Kataaraatti, rawwaatame daawwate jira.

Akkasumas, mataduree qorrannaa qorataaf barbaachisaa ta’anii argaman tamsaasa kallatti fi


dokmantarii TV OBS Fulbaana 2015 hanga Adoolessa 2016 raawwii aadaa adda addaa (
Ireesa Birraa hora Harsadii, irreessa Malkaa Soor, Irressa Malka Dabal „Taajoo Rooba‟,

37
Ateetee deemsisaafi Sirna Siinqee godina Arsii aanaa Muunessatti, irreessa Tulluu Baarrak,
gumii Abbootii Gadaa sirna Gadaa Odaa Roobaa deebsanii ijaaru) dabarsaa ture vidiyyoo
rikordii isaa ilaale jira.

3.3.3.Marii Garee

Qoranno kabaja ayyaanaa irreechaa uummata Oromoo godiina Arsii Aanaa Leemmuu fi
Bilbiloo malkaa kataaraa jedhu kana gaggeessuf mariin garee kan barbaachiseef, raga mala
af-gaafiitiin funanaman dhugummaa ragaa walitti qabame cimsuuf, ragaa bilchaataa argachu
fi dhugaa jiru mirkaneessuf murteessaa ta’ee waan argameef.

Marii garee ilaalchisee Kother (2004:98) yoo ibsu “Focsses group interview is means to focus
attention on the given experience of the respondent and focused the attention particular
topics” jedha. Dabalataan, Yaalawu (2011) ‘’mariin garee, gaafii bifa marii gareetin
dhiyeessun raga quubsaa ta’e aragachuuf bu’aa qaba. Akkasumas, mariin raga gadi
fageenyaafi bali’ina qabu argachuuf gargaarun alatti yaada gudunfaa qorannichaaf mala
gargarudha’’ jedha.

Bu’uuruma kanaan, mariin garee namoota beekumsa aadaa qaban jedhamanii yaadaman
garee lama ragaa, maddoota ragaa /informants/ irraa aragaman iiratti kana mar’atame yoo
ta’u ragaan argame akka cimuufi qulqulaa’u te’ee jira. Kunis; garee 1ffaan dhira 4 dub1_ Wq.
5 godina Arsiitti Aanaa Leemmuu Bilbiloo magaala Maraaroo irratti yoo raawwatu,
gaafileen akka gareetti irratti mara’atme kana armaan gadiiti.

1. Ayyaanii Irreechaa malkaa Oromoo biratti maal?

2. Duudhaa fi Safuun irreechii ofii keessa qabu uumata Oromoo biratti akkamittii
laalam? hangafaa biratti?, yaa’ii malkaa keessatti.

3.Ardaalee fi meeshaalee ulfoo uummanni Oromoo safeeffataman isaan kami?

4.Gaheen manguddoon,dubartoon fi dargaggoon kabaja ayyaana irreechaa irratti qaban


maali ?

5.Dhiiban kabaja ayyaana irreechaa irratti mul’atu maali irraa madda?

6. Sirnoon kabaja ayyaana irreechaa irratti rawataaman maali ?

38
3.4.Iddattoo fi Mala Iddatteessuu
Qorataan qorannoo irreechaa malkaa uummata Oromoo godina Arsii: xiyyeeffannoo Aanaa
Leemmuu fi Bilbiloo malkaa Kataaraa. jedhu kana gaggeessuf malli iddattoo iddateessuf
filate; mala iddatteessuu miti carraa /Non probablity Sampling/ keessaa mala idaadatteessuu
mala ibsaa jedhamudha.

Iddattoo jechuun namoota qorannoo sanaaf filataman jechuudha. iddattoonis kan filatamu
jamaa qorannoon irratti geggeeffamu keessaa namoota filuuni. namoota cufa hirmaachisuun
adeemsisuuf yeroo bal’aa, baasiifi humna namaa guddaa gaafata. haaluma kanaan namni
qorannoo geggeessu tokko iddattoo filachuuf dirqama.

Tooftaalee iddattoon itti filataman kunis akkaataa qorannicha waliin deemuu danda’anitti
ilaalamanii filatamu. kanaafuu, iddattoowwan addaa addaa hojii qorannichaa galmaan ga’an
filachuun mala isa bu’uuraa qoratichi itti dhimma bahu ta’a. malli kunis, mala ibsaa
qorannoon ittiin dhiyaatudha.

Qoratichis qorannoo kana gaggeessuuf iddattoon dhimma itti bahe gosa iddatteessuu keessaa
mit-carraadha. sababni isaas, jamaa filataman keessaa iddattoo filachuuf malli carraa hin
fayyadu. kanaafuu, gosa iddatteessuu mit-carraa keessatti, qoratichi namoota dhimmicha
irratti hubannoo qaban jedhaman iyyaafachuun akka iddattootti filateera.

Kunis nama waa’ee Irreechaa faayidaa isaa hinbeekne gaafachuurra nama aadaa sanaan
jiraatuu fi beekumsa waliigalaa qabu gaafachuun qorannichaaf bu’a qabeessa ta’a. gosa
iddatteessuu mit-carraa kana keessaa ammoo gosa tokko kan ta’e iddatteessuu dhimmichaaf
ta’u (purposive sampling) fayyadama. Sababni isaas iddattoon filataman qabiyyee
qorannichaafi kaayyoo qorannichaa irratti waan hundaa’aniif.

Namoota aanaa qorannoon keessatti geggeeffamu keessa jiraatan hundarraa odeeffannoo


funaanuufi qaaccessuun sababa hanqina yeroo, baasiifi humna namaarraa kan ka’e humna
qorataatiin ol ta’uu danda’a. kanaaf qorannoo kana keessatti abbaa gadaa 4, dargaggoota 10,
maanguddoota dhiiraa , dubartoota 5 waliigalatti namoota 19 filachuun gaggeeffama.
Haaluma kanaan qorataan qorannoo kana odeeffannoo barbaachisu funaanuuf gosa iddattoo
mit-carraa keessaa kan manguddootaafi namoota irreecha irratti hubannoo ykn beekumsa
gahaa ta’e qaban jedhamanii yaadaman haala salphaan aanaa kana keessaa tokko tokko
isaanii bira ga’uuf mala mijatu jedhamee yaadamu mala eeruutti fayyadamuun adeemsifama.

39
3.5.Qaacceessa Ragaalee
Akka Dassaalany,(2002) kaa’etti malli qorannoon gosa kanaa ittiin qaacceffamu mala ibsaati.
Odeeffannoo ibsuun yaada odeef-kennitootarraa iyyaafannaadhaan yookiin
daawwannaadhaan argame haala qabatamaa waan argameetti walitii fidanii
dhiheessuudhani.akka yaada kanaatti odeeffannoo funaannaman kaayyoo qorannichaa irratti
hundaa’anii qaaccessuun, yaada itti kennuun, adeemsa kallattii argannootti nama qajeelchuun
murtii tokko irraan nama ga’a.

Haaluma kanaan qorataan odeeffannoo qorannoo kanaaf barbaachisu erga funaannatee booda
bakka adda addaatti qoqqooduun ibsa. yeroo qoqqoodanis bifa tokko qofaan utuu hin taane
bifa garaagaraatiin ilaalamuun qoqqoodama.

Odeeffannoowwan af-gaafiin funaanaman kanneen akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti


qabamanii ibsamu. Ibsi itti kennamus haaluma namoonni odeeffannoo kennaniin sababa
isaanii waliin kaa’ama.

Ragaa kaayyoo qorannoo kanaa milkeessuuf, hojiin funaansaa ragaa kallattii adda addaatiin
gaggeefamee jira. Inni duraa hojii ibsatiin; daawwannaan sirna irreechaa malkaa gahee
abbooti gadaa,manguddoota ,dubaartoota fi dargaggoota sirnoon akka eebba, hangafaa
quxusuu , sirni fudhaafi harmii dargaggoota,sirni namoota waldhabii fi mufii waltii qaban
araarsuu yookinii dhifaama walii tasissuu fi sirni haala ufaana kabaaja ayyana irreechaa
daawwatamanii jiru.

Af-gaafiidhaan iddowwaan ulfoo fi meeshaalee ulfoo safeeffataman, safuu fi duudhaa


ayyaana irreechaa kan funaanaman yoo ta’u, marii gareetiin, ragaa afgaafiin funaanan garaa
garumaan ragaa yoo jiraate walitti araarsuufi cimsuuf, akkasumas gaheen abbooti gadaa
,manguddoota, dubartoota fi dargaggoota akkaasuma haali ufaana gochalee sirna ayyaana
irreechaa irratti rawwaataman kaneen akka addeemsa irreechaa ,eebba malkaa,araaraa sirnaa
fudhaa heerummaa fi kadhaana yookinii galaatefana waaqa yaa’ii keessatti, duudhaafi safuu
ayyaana irreechaa ,iddowwaan fi meeshaalee ulfawwanii kana maleessi, ragaawwan
daawwana keessatti ifa hintaane irratti mara’achuun ifa akka ta’an taasifamee jira.

3.6.Naamusa Ogummaa
Yeroo kamiiyyuu qorannoo tokkof haala qorattichi hawaasatti dhiyaatee gaggeessu
milkaayina qorannichaaf murteessadha. Haala kana keessatti hawaasatti haala aadaafi
duudhaa isaa eeguun, Safuu hawaasichaa kabajuun itti dhiyaachun raawwatame jira.

40
Ragaafi odeeffannoo kennan iccitii isaanii eeguun gamatti, sagalee isaanii waraabuufi suuraa
isaanii kaameeraan fudhachuuf fedhiifi eeyyama isaanitiin qofa kan raawwatame yoo ta’u
ragaa qorannoo keessatti dhiyaataniifs fedhii maddoota ragaa kan mirkaneeyedha

41
BOQONNAA AFUR
QAACCEESSA RAGAALEE
Boqonnaa kana keessatti waa’ee irreechaa malkaa kataaraa godiina Arsii Aanaa Leemmuu fi
Bilbiloo haala kabaaja ayyaanicha ,duudhaa fi safuu kabaaja ayyaana irreechaa malkaa
kataaraa irratti rawwaataman ,hirmaana abbooti gadaa ,jarsoota ,dubaartota fi dargaggoon
kabaaja ayyaana irreechaa malkaa kataaraa irratti qabaan ,iddowwaan fi meeshaalee ulfoo
kabaaja ayyaana irreechaa malkaa kataaraa irratti dhiyyaatan fi sirnoota kabaaja ayyaana
malkaa kataaraa aanaa Leemmuu fi Bilbiloo

ilaalchisee ragaalee sakata’a barruu, odeefannoo daawwanna, af-gaafiif fi marii gareetiin


argaman irratti hundaa’uun akka armaan gadiitti qaaccefamanii jiru.

4.1.Maalummaa Irreechaa
Uummanni Oromoo aadaa fi duudhaa hedduu waraabamee hin dhumne qabu keessa tokko
irreechaa malkaayoo ta’u; qorataan maalummaa irreechaa malkaa ilaalchisee manguddoota
godina Arsii Aanaa Leemmuu Bilbiloo irreechaa malkaa Kataaraatti, abbaa gadaa Badhushee
Fayisaa , Bantaa Turree,(21/10/2020) manguddoo Abdurqadiir Sukaare fiUmaarIbraahim
(16/10/2020) marii gaggeessen ayyaana Irreechaa yoo ibsan;

“Irreechii galaata fi kadhaa waaqaati, Irreechii kabajaa uumaa fi uumammaati , Irreechii


kadhaa waaqayyoo ilm namaa eegatu fi ofkaaltidha” jedhu.

Dabalataan Gumiii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromiyaa (18/06/2016 ) TV OBS qophii


Qe’ee Oromoo tamsaasa isaa sirna Gadaa Odaa Roobaa deebsuuf raawwaatame, Abban
Gadaa Bayyanaa Sanbatoo uummata sirnicha irratti argame Seerota Safuu seeraa jechuun
yoo barsiisu; Waaqni ulfaadha, lafti ulfoodha, Abbaan ulfaadha, haati ulfoodha , horri /
malkaan ulfoodha, tullun ulfoodha jedhanii barsiisan.

Manguddoo Dadhii Eerbaa (19/10/2020) Irreechi ayyaana waqeefana Oromoon ganama


yoota’u waggaatti si’a lama kabajamudha. Irreechi ayyaana birraa (Fulbaanaa fi
Onkololeessa) Oromoon Waaqa waa cufa uumeefi wantoota jireenyaaf barbaachisan hunda
isaaniif kenne galateeffachuun kabajatu. Abbaan Gadaa Bantaa Turree (23/10/2020) Irreechii
ammaanta oromoo ganaama yoo ta’u kan oromoon bara dheeraaf kabaaja ,ulfiina fi
galaatefana waqqaa uummaa isaati ittin galfaatu yoota’u Irreechii ‘’Ofkaltiidha’’jeedha .
Ofkaltiidha yoo jeedhu kan oromoon guyyaa ayyaana qofa osoo hin tane guyyaa fi yeroo

42
kamu yeroo malkaa fi laggaa cee’uu, mukka jidhaa guddaa akka Odaa bira yoo gahu kamu
irreefate waqqaa isaa isa darbeef galaatefate isa itti Aanuuf immoo ofkaltii Waqqaa isaa
gafaata ‘’ jeechu.

Abbaan Gadaa Badhushee Fayisaa (24/11/2020) ‘’Irreechii sirna waqqeefana oromoota bara
duriiti , Irreechii dandii tokkummaa oromootatti’’ .IIrreechii sirna waqqeefana oromoota
duriiti yoo jeedhu oromoon bara durii uummaa isaa ni safeeffata ni sodaata uummaa fi
uumammaa isaa ni dinqisiifata ,ni kabaaja ture ,uummaa ni safeeffata yoo jeedhu ‘’waqqaa
isaa uummee’’kanaaf nama Ayaantuu fi qalluu ni kabaaja ni sodaata jaroon kun namoota
waqnii irraa bulee jeedhetti yaadas amanaas.

uumammaa ni safeeffata yoo jeenu malkaa, Tuluu ,mukeen gurguddoo ,urjii ,Biftuu , sammii
fi Ardiidha sabaabni isaa hojjii harka waqayyootni uumammaan ilmii nama uummuu hin
danda’u jeedhe waan amanuuf garruu Oromoo yeroo ammaa kana wa’ee ayyaana irreechaa
yookinii sirna waqqeefana Oromoo ganaama kana akka wantaa boodatti hafa fi tufaatamatti
fudhachuun waqaa tolfaamadha yookinii hojjii harka seexanatti jeechun amantaa ofii
ganaama gadii dhissuun amantaa alaggaa ‘’ala galee’’ yoo farsaanii fi yeroo ulfaasan irraa
waan jiraniif Oromoota bara ammaa Irreechaa fi sona isaa wajjiin walbiraa qabe ibsuuf
nadhiiba jeedhan.

Itti ansuun Abbaan Gadaa Badhuushee Fayisaa (24/11/2020)‘’Irreechii dandii tokkummaa


orommoon garraa tokkommaan waqqaa ofii itti kadhaatani fi itti galaatefatan kan ardii
Adduunya kaamu irratti hin kabaajamne fi kan saba Orommoo biratti qofa rawwaatamu
waan ta’eef Irreechii Irree tokkummaa Orommooti , Orommoo kabbaa kibbaa Bahaa Dhihaa
walitti fiduun tokkomsaa yookinii tokko ta’anii akka isaan mul’ataan isaan godha’’ jeedhan .
gamma biratni ayyaani Irreechi gosa lamma akka jiru fi waggaatti si’a lama akka kabajamu
od-kennitoo ibsan.

4.1.1.Irreecha Malkaa

Irreechi malkaa irreechaa Haarowwaan fi Malkaa Laggeenii irratti gaggeeffamudha. Irreechi


kun kan raawwatamu akkuma waqtiin gannaa darbanii roobni caameeni. Ayyaanni kun kan
kabajamu walakkeessa baatii Fulbaanaatti wayta dukkanni gannaa darbee waqtiin ifaa birraan
bari’een. Ayyaanni akkanaa kan taasifamu malkaa laggeen qofaratti utuu hin taane
dablataanis naannawa haroowwanii fi marsaa isaaniitti. Irreechi gosa kanaa darbee darbee
ayyaana birraa jedhamuunis beekama.

43
Yeroo kanatti firoon fi maatiin laggeen guutaniiin gar gara citanii ture walitti dhufani .
Abootiin malkaa fi abbootiin gadaa fi hirmaattonni marga coqoorsa fi daraaraa
keelloo(masqallaa) harkatti qabatanii galataa, eebba, fi kadhata isaanii gara waaqaatti
dhiyeeffatu. marga magariisa fi daraaroowwan sana bishaanichatti cuubanii galata
dhiyeeffatanii ittiin irreeffatanii, faaruudhaan erga guduunfamee booda xumuru. Sana booda
faaruun Mareehoo! Mareehoo! Hiikni isaatis waggaatti naanna’ee kan dhufu akka ta’e himu.
Itti fufees faaruun dubarttoota meeshaalee kanneen akka caaccuu, uuffata aadaa fi Siinqee
warri dhiiraa ammoo ulee Harooressa harkatti qabachuun Irreechoo yaa irreecha malkaa
roobaa fi nagaa jedhu. Sirna kadhataa kanaan booda hundumtu isaanii gara manneen
jireenyaa isaaaniitti abbaa malkaa fi dureewwan gosaatti aananii adeemu yeroo galanilee
hirmaaton abbooti gadaa fi manguddoota isanni dukka ‘’gabiisayoo wooho robe lafaa
gabiisse’’ jeecha kan galaan yoo ta’u dargaggoon fi shamaaran immoo akka feedha isaantii
hiriyaa hawwaatan wajjiin yeroo dhichiissa fi raggaada taphaatan ni mul’atu. Irreechaa irratti
wanton hundii jaalalan gutaama guyyaa kana gonkumaa jibii ,hanii arabsoo fi qocoloon hin
jiru hin mul’atu .sabaabni isaa guyyaa kana namnii waldhabee ,walii midhee hundii araaraa
fudhaate wanta’eef, lapheen namoota hundaatu jibaa yookii gaddoon osoo hintanee jaalala fi
walii yaadu gutamtee waan ta’ef. Taaboor (215-216) waa’ee Malkaa ilalchisee yoo ibsu:

የመልካ ዕሬቻ በመስከራም ወር ውስጥ በመስክ ላይ የምከበር በዓል ነው፡፡የመልካ


ዕሬቻ ተፈጥሮ ህግ ሳይዛባ በመቆየቱ ወደፊትም ሚዛኑ እንደ ተጠበቀ እንዲቀጥል
ዋቀ ቶክቻ (አንድ ፈጣሪ) ለም ለም ሣር ተይዞ ምስጋና የሚቀርብበት ዕለት ነው፡፡
ኦሮሞ በጋራ ተሰብስቦ የሚያከብረው የመልካ ዕሬቻ ላይ በክረምት ወራት ዝናብ
ለሰጠው ዋቀ (ፈጣሪ) ምስጋና ያቀርባል፡፡ለወደ ፊቱም ቡቃያው ተገቢውን ፀሓይ
አግኝቶ አብቦ አሽቶ ፍሬ እንድይዝለት እንዱሁም ተመጣጠኝ አየር ንብረት ና
ከተለያዩ ፀረ-ሰብል ተባዮች ና ተምች ወዘተ ፈጣሪው እንድ ጠብቅ ለት ልመናውን
ያቀርባል፡፡እሬቻ የኦሮሞ ህዝብ በሬ በማረድ ከአምላካቸው ጋር በምስጋና ሚገናኙበት
ዕለት ስሆን የፀሎት ማቅረቢያ ቦታ በሀይቅ ወይም በወንዝ ዳር ምቹ የሆነ ስፍራ
ይሆናል፡፡ ግምባሩ ነጭ በሬ ከክረምት የመውጣት ተምሳላት ነው፡፡ በ ቱለማ
ኦሮሞዎች ስድስቱ የዋቃሀይቆች…
Oromoonni waliin ta’uun irreechaa malkaa irratti ji’a Fulbaanaa galata waaqaaf dhiyeessa;
midhaan facaafate aduu gaarii argatanii daraaran callaa gaarii akka kennu raammoofi
ilbiisoonni midhaan isaa akka hinmiine waaqa isaa itti kadhata. irreecha irratti Oromoon
korma qaluun guyyaa waaqa isaa itti galata galchu yoo ta’u kunis malkaa ykn horatti ta’a.
mallatoo ganna keessaa gara birratti bahu korma gurracha addaa gaaree qabu qalu. Oromoon
Tuulamaa hora jaha kan itti irreefatu qabu. Isaanis Hora Arsadii, Hora Kiiloolee, Hora
Finfinnee, Hora Erer, Hora Hadhoofi Hora Marxoo jedhamu.

44
Irreechi ayyaanota heddu jiran keessaa gochoota amantii fi mit-amantii jireenya Oromoo
ibsuuf mallattoo isa guddicha. Oromoon Sirna ayyaana Irreechaa irratti waaqni nagaa fi
tasgabbiin akka jiraatu; badhaadhummaa fi milkoominni akka jiraatuuf; seeraa fi seeraaf
abboomamuun akka itti fufiinsa jiraatu; akkasumas qilleenssi baramaan naannichaa akka
haala gaariitti eeggamu kadhata. dabalees, Oromoon yeroon rakkinaa fi gidiraan akka irra
darbuuf waaqa waan hunda danda’u kadhata (Regassa, 2013).

Oromoon irreessa malkaatiif, yoo malkaatti bahee waaqa galateeffatu safuu malkaa eegun
raawwata. irreecha malka hangafa dura, kan malkaa saaqun eebbisu abbaa malkaatti. abbaan
malkaa erga eebbisee malkaa saaqeen booda hirmaatton sirna irreecha malkaa sanaaduraa
dubummaa gogeessa gadaa, hangafaa quxusuu, gosaafi arriin wal afoo kalchee eebbisa.

Qorataan sirna irreechaa birraa godina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ganda Qooma
Kataaraa , malkaa Kataaraa (06/09/2020) hirmaachuun daawwate jira. kana malees, irressa
malkaa Arsadii tamsaasa kallattii TVn OBS (04/10/2016) tamsaase, tamsaasa dokimantarii
irreessa malkaa Soor godina Iluu Abbaa Boor guyaa (19/12/2015), irreecha malkaa Hara
Danbal (Taajoo Roobaa) (26/02/2016) Tv OBS tamsaase vidiyoo rikardii isaa argaate
caqaasse jira.

Raga daawwannaafi tamsaasa Tv OBSn uummanni Oromoo irreechaa malkaa ykn jila
malkaatti raawatu kamiiyyuu abbaa malkaa erag eebbisee malkaa saaqee booda duraa
durummaa gogeessa gadaa, hangafa quxusuu gosaa,ykn hangafa quxusuu arriitin wal
eebisuun waaqa kadhatu.

4.1.2.Irreecha Tulluu

Tulluun lafa biroo irraa adda tatee kan uumamte yoo taatu, lafa birroo irraa adda kan taasisu
ol kaatuudha, fagoodhaa mula’atti, akka laayyotti gubbaa Tulluu bahuun /yaabu/ ulfaatadha
diina jalaa gara Tulluu yoo baqatan akka laayyotti diina ofirra ittusu, Tulluun
dawoodha,Tulluu waaqayyo yoo uumu sababa malee miti ayyaanaafi hiree waliin uume.

Tulluu ilaalichisee Leellisaa Aadaa, (6413 LW: 115) yoo ibsu: waaqqeffattoon ayyana kanaa
ni safeefatu. Tulluu gurguddoo bira yoo darban itti irreefatu. Tulluun kun lafa diriira jiru
keessa olka’ee kan argame, waaqatu ayyana guddaa wajjiin isa uume jedhee waan amanuuf
duwwaa osoo hin taane waaqatti dhiyaatee jira jedhame ulfina guddaan waan ilaalmuuf.

Akka qorataan manguddota Ibraahim Hindheessa (10/12/2020) Addee Dammee Manzaa,


Makkoo H/Bunuu(10/12/2020)Obboo Badhuushee Fayisaa (13/12/2020) fi Bar/sa Balchaa

45
Mi’eecha (13/12/2020) iyyafatetti; Tulluun lafa kabajamtuu, mootii lafaatti, lafa hunda irraa
kara waaqatti ol dhiyaaa itti irrrefatamuatti, dur Oromoon mana lafa gooroo tullutti dhiyaatu
malee lafa dhooqa ykn golbatti mana hin ijaaratu ture, Tullun lafa ulfoo irreechaa Afiraasaa
itti irreefatamu.

Bar/sa Balchaa Mi’eecha (13/10/2020), “Tullun hangafa lafaat. Irreefachuuf ta’ee waaqa
kadhachuuf Tulluutti yoo ol bahan guutuu ykn sammuu Tulluu irra dhaabachuun safuudha.
Guutuu bira osoo hingahin dhabatanii kadhaatu. Kunis kana ta’eef Tuulluun kabajamtuufi
ulfoo ta’uu isheeti” jedhu.

Dabalataanis tamsaasa TV OBS (18/06/2016) sirana Gadaa Odaa Roobaa deebsuuf gamataan
abbootii gadaa Oromiyaa Odaa Roobaa iratti argamuun barsiisan irratti yoobarsiisan seeroota
jahan safuu seeraa ta’an “Waaqni ulfaa, Lafti ulfoo, Abbaan Ulfaa, Haati ulfoo,
Malkaan/Horri/ ulfoo, Tulluu /Gaarri/ ulfaa”jechuun lallaban.

Tamisaasa Tv OBS qophii Q’ee ORomoo 18,/03/2016) irreessa Tulluu Baarakii aanaa Baarak
Alaltuufi marsaa intarneetii https:// www.sstuube.com(16/07/2016) jedhu irraa irreessa
Tulluu Furii aanaa Sabbataa Hawaas (Bitootessa 2015) aanaa Sabataa Hawaas raawate
vidiyoo rikoordii isaa ilaale jira.

Akka raga armaan olii irraa hubatamutti Irreechi Tulluu kan gaggeefamu wayitti Afraasaa
keessa yoo ta’u Irreechi kun Irreechaa araaratti waaqin akka rooba yeroo isaa eegee roobu,
bonaan sa’aa nama akka hin mine, kan araara waaqaa ittin kadhataniidha. yeroo irreechaa
Afraasaa margi waan hin jirreef irreechaf kan itti gargaaraman baala kalaalaa fi baala
Abbayyiiti yoota’u , baal kalaalaa fi muka abbayyii bonaa ganaa jidhaa waan ta’aniif dha.

walumaa galatti, Tuulluun mootii lafaat, waaqatu Lafa biro caalchisee uume lafa ulfoo Safuu
ta’uu isheeti. Kanaaf Oromoon Tullutti bahee waaqa araarfata, kadhata, irreeffata, yoo bonni
hammate kormaa irratti qalee uumaa isaa kadhata. hamtuun yoo uumamte, ulfaawwan isaa
Kallacha, Caaccuu, Bokkuu, Siiqqee, Gaadiifi Ciicoo qabatanii waaqa kadhatu. Oromoon yoo
eebbisus Tuulluu ta’ii fagoo muladhu jedhu, jaalalafi hawwii Tuulluf qabuu ilama isaa
akkuma Malkaa Tulluu jedhee mogaasa.walumagalaatti Tulluun uumata Oromoo biratti ulfoo
ykn safeeffatamtuudha.

46
4.2.Duudhaa fi Safuu Ayyaanni Irreechaa Of keessaa Qabu.
4.2.1.Duudhaa

Kitaabni Oxford Advanced Learnrss Dictionary The 6th edition (2000:526). jecha “Norm”/
Duudha yoo ibsu “The usual, typical, or standard thing. required or acceptable standard: the
norm of good behavior.” Jechuun yoo hiiku kunis; hawaasni tokko aadaafi barmaatilee
sirriidha jedhee fudhate tokkof sadrakaa fi ulagaa kaayee qaba jechuudha.

Ogeeyyi hiika duudhaaf kennan kaayyoo fi mataduree isaaniitii irraatti hundaa’uun hiika itti
kennanu. Marsaan Inatareetii WWW.chegg.com/home(28/02/2016) “Norm is a situation or a
pattern of behaviour that is usual or expected a deviation from the norm.” hiika gama
hawaasaa, yoo ibsu akkasi jedha: “Duudhaan barmaatilee garee hawasaa tokko sirriidha
jedhee fudhatee ittin bulu yoo ta’u, namni seera hawaasaa kana cabse dhiibbaa irraa gahun
duudhaa san akka eegan taasisa.”

hiika gama dagaagina Hawaasatii /Sociology/ kennaman “standard of behavior that are
typically of or accepted with a group or society social culturel norm.” kan jechuun, dudhaan
yaadaafi ilaalcha hawaasa keessatti amala namoota dhuunfaa qajeelchuudhan alati, duudhaan
tokko maal akka ta’e, eessattifi akkamitti akk raawwaatu kan agarsiisudha jedha.

Hikkaan gama warra aadaatiin kenname immoo akkas jedha, “duudhaan akkataa
amaleefannaa gareen hawaasa murtaawwaa tokko hoojiirra oolu yoota’u; amaleefannan
akkasi kun maatii, hawaasafi gochoota raawwiin kan baratamufi kan hojiirra ooluus akkataa
yaadi-rimee hawaasichi sun qabun.”

Walumaa galatti hiikinni sadeenuu kan agarsiisu duudhaan bartee hawaasaa kana hawaasin
sun sirridha jedhee fudhatee jireenya isaatiif dhimma itti bahu, kana bartee hawaasa san
hinfudhanne hawaasichi kallattii adda addatin qequun akka sirrawwu taasisu
hubanna.dabaalatan duudhaan walii galte ‘’waddaa yookinii kakkuu’’ oromitichaatti.
Oromoon duudhalee heedu kan qabu yoo ta’u duudhaan sirna irreechaa irratti qabu irreechii
bira akka oromiyaati ji’a Fulbaana bari Masqalaa guyyaa sanbaata ta’uu fi irreechii malkaa
ji’a fulbaana bari Masqalaa booda gutuu oromiyaa keessatti kabajaamun duudhaadha.kana
jeechun irreechii malkaa yeroo ormoon itti walii galee(ji’a Fulbaana bari Masqalaa ) kanaan
duraa yookinii ji’aa Fulbaanan booda kabaajun hin danda’amu jeechudha . oromoon yeroo
malkaa cee’uu irreefate cee’uun duudhaadha.

47
4.2.2.Safuu

Abbaan gadaa Bantaa Turree(26/11/2020) Safuu jechuun aadaa Oromoo keessatti ilaalcha
namni uumaafi ummamaaf qabu kan ibsudha. kana jechuun, dhalli namaa lafa kana irratti
ummama biroo waliin waldanda’ee wal kabajee akkaataa waliin jiraachuu danda’u kan
mul’isu seera uumaa jechuudha.

Safuu ilaalchisee Gamachuu Magaarsaa (2003: 70) yoo ibsu:

Safu is a moral category based on Oromo nations of distance and respects for all things. The
concept of Safu is not merely an abstract category: it is constitutes the ethical base up on
which all human action should be founded; it is that which direct one on the right path; it
shows the way in which life can be best lived with the context of Oromo world.

Safuun ilaalcha Oromoon uumaa fi uumamaaf qabuudha. Yaanni Safuu jedhu yaada
qabatama hin qabinne jechuu miti. Akka ilaalcha Oromootti yaada gocha ilmi namaa
raawwatu mara wajjiin kan wal-qabatu, daandii sirrii, kan karaa jireenya gaaritti nama
geessudha.Haaluma walfakkaatun

Warqineh Qalbeessaa (2005: 9) Lambert Bartels, 1983 waabefachuun

Safuu is a moral concept that serves as the ethical basis for regulating practices in order to
insure high standard of conducting appropriate to different situation. It helps individual to
avoid morally wrong action. The safuu is what makes human different from other animals.
Safuu help individuals relate natural laws and to base their activities on these laws. Safuu is
mediating category btween different things. There are Safuu btween mother and daughter,
between father and son, between generation, between humanand nature, between God and
Earth. Safuu regulate people’s activities.

Safuun duudhaa hawaasaa eegudha. Kunis hawaasaa keessatti iddoo olaanaa kan qabu
yoota’u, safuun ilma namaa bineessota biroo irraa adda kan taasisuudha. Safuufi
Safeeffanaan dhimmotaafi qaamota adda addaa jidduutti kan jiraatudha kunis: Safuun
haadhaafi inatala jiddutti, abbaafi ilma jidduutti, namaafi uumama jidduutti, Waaqaafi Lafa
jidduutti. Walumaa galatti safuun jireenya namaa kan qajeelchudha.

Gama birattin; maalummaa safuu, garaagarummaa safuufi seeraa ilaalchisee Dirribii


Damissee, (2012:66) haala armaan gadiitin lafa kaaya.

48
Akkataa ittin uumamni waldanda’anii, wal kabajanii hanaga danda’ameetti bakka walii
kennanii waliin jiraatan safuu jedhama. safuun addaa adduummaa jiru beekanii nagaan waliin
jiraachudha. safuun seera waaqaa lafaati. safuun waan heddu of keessaa qaba, safuu eeguun
seera. garuu, seerri hundi safuu mit. seerri namaan tumama, nijiga garuu safuun hintumamus,
hinbadus.safuu seera uumamaat. safuu eeguun immoo dirqama jireenyati.

kan jechuun safuun seera waaqaa lafaa uumamni martuu waldanda’ee walii jiraachuuti.
safuun seera uumaa yoota’u; safuun seera namaan tumamu irra adda kan taasisu akka seerota
namaan tumamanii hinjigu hin badu hin fooya’u. safuu seera uumaati. safuu eeguun dirqama
uumamaafi jireenyaa ta’uu hubanna.

Dabalataanis Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa, (2006:24) kitaaba “Moral, ethical and
scientific Oromo wisdom of safuu about nature” jedhu bu’uureefachuun safuu akka armaan
gadiitti ibsee jira.

safuu is amoral category based on Oromo nations distance and respect for all things. the
concept of Safuu is not merely an abstract category: it constisutes the ethical basis upon
which all human action shoud be founded, it is that which direct on the right path; it show the
way in which life can be best lived.

Safuun ilaalcha uummanni Oromoo dhimmotaa maraaf qabu kan agarsiisudha. dhiimma
yaadan jiru qofa osoo hintaane gocha ilama namaa mara kan ilaaltuudha. daandii jireenya
sirri, amala gaarritti nama qajeelchuufi ittin jiraataniidha.

4.2.2.1.Safuu UUmama Jidduu Jiru

Safuun seera hawaasni Orommo ittin walkabajee waliin jiraatu akkasumas uumama biroo
waliin osoo miidhaa wal irraa hingahin waliin jiraataniidha. Warqinah Qalbeessaa (2005:9-
10) Lambert Bartels, 1983 waabefachuun akkana jedha. Akka Oromootti Safuun ulfina /
respect/ ulfina abbaa, haadha, adaadaa, eessuma, Lafaa, Waaqaati. Safuun walitti dhufeenya
wantootaati. Kunis Safuu haadhaafi intalaa, Safuu abbaafi ilmaa, Safuu labataafi labataa,
Safuu namaafi Uumamaa Safuu Waaqaafi Lafaati. Aadaa hawasaa keessatti wantoonni
hunduu iddoo uumamaaafi aadaan keessatti qabanitu jira. Iddoo qaban kun eegamee akka iitti
fufu seerri eegu jira. Serri kun seera waaqarra kennameedha. Seerri kuns Safuudha.

Yaadni rime olaanan Safuu ilmi namaa wal danda’ee uumama kamiiyyuu waliin naannoo isaa
keessatti nagaan jiraachuudha. Safuun cabuun walitti dhufeenya gaarii namoota jidduu jiruu,
namaafi uumama biro akkasumas naannoo irraan miidhaa geesisuu danda‟a.

49
Ibsa kana irraa akka hubachuun danda’amutti Safuun ulfina waliif laachuu yoo ta’u uumamni
lafaa kana irraa jiraatu tokko kan biroo kabajee waliin jiraachuudha.Waliin jiraachuun
naannoo keessa jiratan keessatti tokko kan biroo osoo hin miidhin, iddoo walii kennuun
iddoon isaan uumaman qaban kun seera uumaatiin eegamee jiraata.Safuun uumama hunda
jidduu jiru eegamuun seera uumati. Seerri kun yoo cabe walitti dhufeenya uumama jidduu
jiru rakkoo irrati kufa. Rakkoon kun akka hin uumamne Seerri eegu Safuudha. Kanaafuu,
Safuun walitti dhufeeny uumama jidduu jiru seera qabeessa akka ta’ee itti fufu seera eegudha.

Gama biraattin, Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa (2006:25) Safuu uumama jidduu jiru
akkanatti ibsa.

Akka duudhaa Oromootti, Safuu buufachuun ulfina Waaqaa dura buusudha. Walii, ofiis
Oboofi Cooraan, anagfaafi quxusuun walkabajaniidha. Yoo waan dabanii seera uumamarraa
jallate, kan Waaqni hin jaalanne hojjetame safuu waaqayyoof, kana Waaqayyo nu haabaraaru
jedhama. Safuu kan hin qabinne kan hin saalfanne, hangafaafi quxusuu kan hin kabajineedha.
Walumaagalatti, kan Waaqayyo hin feene, karaafi seera uumaa uumamaa Waaqayyoorraa
kan jallate hundaaf safuu Waaqayyoof jedhama. Safuun Waaqayyoo Ulfina guddaadha.
Kabajaafi sodaa Waaqayyoorraa seera uumaa uumamaa Waaqayyoof abboomuurraa kana
ka’e Safuu Waaqayyoo jedhama.

Walumaa galatti Safuun uummata Oromoo biratti seerri uumaafi uumamaa kan ittin eegamu,
ilmi namaa lafa kana irra yeroo jiraatutti seeratti walitti dhufeenya uumama biro waliin
walitti isa fiduufi ittin qajeeluudha. Safuun seera Waaqaa ulfinaafi kabaja waaqatiif hojiirra
ooluu qabuudha. Kunis Safuu Waaqaafi Lafaa, Safuu abbaafi haadhaa, safuu hangafaafi
quxusuu, safuu uumaafi uumama jidduu akkasumas safuu uumamaafi uumama jidduu jiru
jechuun nidanda’ama.

4.2.2.2.Safuu Hangafni Qabu

Aadaa Oromoo keessaati hangafaafi quxusuun iddoo olaanaa qaba. Gocha raawatamu
kamiiyyuu hanagafummaafi quxusummaan ni eegama. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa
(2007) dhimma hangafoomaa yoo ibsu; Sirna Gadaa keessatti aangoon yoo qabatamu warri
sadarkaa Gadaa /Lubaa irra jiran aangoon isaanii ol aanadha. Kana jechuun filannoo Gadaa
keessatti hangafoomni iddoo ol aanaa qabaachuu namatti agarsiisa. Bokkuun aadaa seenaa
Oromoo keessatti mallattoo aangoofi hangafoomaati.

50
Hangafoomnii fi ol aantummaan isaanii kan sirritti mul’atu jila Gadaa keessatti yeroo
abbootin Gadaa warra bokkuu muudanii fi harka fuuchaa raawataniidha.

Abbaan Gadaa gosa hangafaa fi mana maree warraa ykn gosaa hangafaa iddoo marattuu
dursa argata. Fkf Tuulama keessatti kan Galaan dursu hinjiru. Yaata’u malee hangafoomni
gosoota maraan yoo atoome malee wanti raawatamu hinjiru. hangafoomni kennan osoo
hinta’in hundee dhalootaan kan argamuufi hawaasni warra hangafaa, warra bokkuu jechuun
waama. Gama biraatin gosni tokko hangafa ta’ee yeroo lamaa sadi caffee goodaanuu,malkaa
bu’uu,malkaa saquu,eebifachuu yoo didee ykn yoo hin argaamne hangafoomni irraa
mulqamee quxusuu akka ta’u ykn akka itti aanuu taasifama.

Sirna baallii walii dabarsaa irratti qachaa ijaaramu hangafaa quxusuu eegee ijarama. Kunis
gosa irraa kaasee hanga manaafi balbalaatti duraa duuba hangafaafi quxusuuti ijaaarrama.
Waltajji qachaa kana irrattis miseensi Gadaa sadarkaa Gaammee, Dabbalee, Raaba, Kuusafi
Gadaa duraa duuba eeguun qachaa ijaratuufi sirna irratti hirmaata.

4.2.2.3.Safuu Hangafni Irreecha Malkaa Irratti Qabu

Oromoon irreechaa malkaatiif, yoo malkaatti bahee Waaqa galateeffatu Safuu malkaa eegun
raawwata. Erreessa malka hangafa dura, kan malkaa saaqun eebbisu abbaa malkaatti. Abbaan
malkaa erga eebbisee malkaa saaqeen booda hirmaatton sirna Irreessa malkaa sanaaduraa
dubummaa gogeessa Gadaa, hangafaa quxusuu, gosaafi arriin wal hoof kalchee eebbisa.

Qorataan sirna irreechaa malkaa godina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ganda Qooma
Kataaraa, malkaa Kataaraa (6/09/2020) hirmaachuun daawwate jira.

Kabaaja ayyaana irreecha irrattilee gahee olannaa kan qabu fi kan taphaatu hangaafa
.hangaafa dura malkaa bu’uu fi yoo bu’ansii malkaa eebifate kan saquu hangaafa kabaaja
ayyaana irreecha malkaa kataaraa guyyaa 6/09/2020 irratti oromoon Aanaa Leemmuu fi
Bilbiloo keessa jiratanii fi hirmatoon ayyaana irreecha hunda keessa gosti Tuulaama Gaalan
,Garaasu,Bachoo fi hangaafnii Mandoo fi Sikkoolee Kojii, Qooman,Boqqojjiin mul’adhu
jeechun wamammaani dhiyyaachun margaa jidhaa fi daraara qabachuun waqaa lafaa
ararfachuun malkaa eebifatanii.

4.2.2.4.Safuu Hangafni Jireenya Hawwaasaa Irratti Qabu

Qorataan odeefannoo managudoo H/Galattoo H/Hindheesa, Abdurqadiir Sukarree, Amoosha


Tolaa, 14/11/2020), Midhaaqsaa Daggaffaa (19/11/2020) irraa argateen ilmi hangafaa maatiif

51
Safuu olaanaa qaba. Hangafti qixxee abbati, sammuu warraati, ilmi hangafaa hawaasa
keessatis ta’ee akka maatitti iddoo olaantu kennamaaf.

Kana jechuun, jireenya iddlee hawaasaa keessatti hangafummaan iddoo olanaa qaba.

Ilmi hangafni osoo ga’eela hinraawwatin quxusuun raawwachuu hindana’u; osoo intalli
hangafti jirtuu quxusuun hinheerumtu; osoo ilmi hangafni jiru quxusuun hineebbisu,
quxusuun eebbisuuf hofkaltii hangafaa gaafata; malkaa kan dura ce’u hangfa; quxusuun
dursee ce’uuf hoofkaltii gaafata;safuudha. ilmi hangafni mana gara miragaa mana abbaatti,
quxusuun gara bitaa mana abbaatti ijaarata kunsi safuudha.

Gama biraatiin ulfoo maatii (Caaccuu, Kallacha, Bokkuufi Callee), farad sangaafi mi’a fardaa
kan dhaaluu qabu ilma hangafaati. Mammaksi Oromoo Arsii “Ilma jechuun hangafa
mandhichoon gurummuu gosaati” jedhu kanuma cimsa. Ilmi hangafni bakka bu’aa maatii ykn
abbaa ta’a; ilmi quxusuun gurmuu gosaa baay’isuuf, gosa cimsuu barbaachisaa akka ta’e
namti agarsiisa. .

Dabalatan, hangafummaan maatii qofa keessatti dursa dhalachu osoo hinta’in hawaasa
keessati dursanii dhalachuu /arriin/ Safuu qaba. namni umriin nama caalu karaa
hinqaxaamuran, yoo alaa gara manaa seenu nooraa jechuun, ol ka’anii simatu, namni
guddaan /manguddoon/ kara boroo aaneet taa’a.

Mangoddoon uummata Oromoo biratti kabajaa olanaa qaba; kana kan nuuf mirkaneessu
mammaksa “Jaarsaa fi qottoo dura hindhaabbatan” jedhudha. kana jechuun jaarsaf kabajaan
olaana qabachuu sodatamaa; ulfaataafi safeefamaa ta’uu dha. Mammaksa, ”Jaarsi guddaan si
hinabaarin; bishaan darbaaf jiru si hin nyaatin.” jedhus yoo xiinxallee ilaalle kanuma nuuf
mirkaneessa. Jarsi ulfaataa, kabajamaa, sodaatamaa, jarsi waaqatti dhiyoo fi safeeffatamaa
ta’uu hubachuun nidanda’ama. Farda yaabbatanii manguddoon yoo namatti dhufe fardarraa
bu’an maalee farda yaabbatanii nagaha hin gaafatan.

Akkasumas, Oromoon nama wallole sirna ittin araasan jaarsummaa jedhammu qaba.
Jaarsummaan akkuma maqqan isaa ibsutti sirna namoonni umrii gurguddoo kana nama
araarsan jechuudha. Jarsummaa keessatti waan jaarsi jedhe hin didan kana jaarsi namaaf arge
qixxee Waaqni namaaf argeetti, jaarsi gaddisa biyyatti, jaarsi arrii qixxee Waaqati jedhama.

Walumaa galatti Oromoon hangafaa quxusuun; duraa dubba dahalchuf Safuu qabachuun alati
namni umrii gudaa /manguddoon/ kabajaa, sodaa, ulfinaafi Sufuu olaanaa qaba. jaarsi
ulfaataafi sodaatamaadha.

52
Gama biraatin uummata Oromoo biratti namni tokko ilman hedduu yoo qabates akkuma ilma
hangafaa ilmi quxusuun safuu qabu. maatii tokko keessatti ilmaan dhiiraa yoo kitaanan ykn
dhaqna qaban kan dura kitaannatu ilma quxusuudha. osoo quxusuun hinkitaanamin hangafni
hinkitaanamu. dura kittaannachuun Safuu quxusuutti

4.3.Gahee Maanguddoo,Dubartoonni fi Dargaggoonni Kabaja Ayyaana


Irreechaa Irratti Qaban
4.3.1.Gahee Maanguddoota Kabaja Ayyaana Irreechaa Irratti

Manguddoon qaama hawaasa keessa isaan iddo ol Aanaa qabanii fi sirna ayyaana irreechaa
irratilee waroota qooda leencaa qabaan.akka sirna gadaatti manguddoo jeechu warra sadaarka
umrii Gadaa Raabaa Doorii,luubaa fi yuubaati jiraan yoo ta’u warra umrii waggaa 33 boodati
jiranii yoo ta’u manguddoon akkaata umrii isannitiin fallasamoota beekaniin hojjii akka
gaggeesumma,jarsuuma ,gummaa fiixu sirna adda addaa gaggeessu fi dhaloota barsiisu irratti
hirmaatu .

Abbaan Gadaa Naggaasaa Ariitii (24/10/2020) ‘’

Ayyaana irreechaa irratti nagaa fi tasgabiin akkaasuma namoota waliiti mufii qabanii fi
koomii waliraa qaban yoo danda’an achuuma malkaa keessatti araarsuu fi yoo hin
danda’amnee immoo ofii yookinii dhifaama walii tasiisun guyyaa itti qabun garaan
araarsanii fira garaa Aanaani akka godhaanif ofitti kan fudhaatanidha. Itti dabaluun
gammaachu fi itti qufiina waaqa bira qabaan calaqisiissuuf jeecha yeroo malkaa bu’aani fi
malkaa deebi’aan ‘’hoo yaa marree hoo!marre hoo! ‘’jeechuun dhufaatti guyyaa ayyaana
irreechaa galateefacha ‘’gabiisayoo woo… woo!sonee robee lafa gabiisse’’waan waaqayyoo
kanaan dura isanni rawwaate galaatefacha ta’aa ka’aa deemun waaqa isaniitti saggaadu
arsaa yookinii gubaa galchu.

Manguddoo obboo Bultoo Daballee (24/10/2020) jeedhanitti

mangoddoon oromoo sirna faloo malkaa irreechaati kan rawwaatan yoo ta’u sirna Faloo
kana rawwaachuf sorammaa (qabeenya) waaqin isanni keene keessa guyyaa ayyaana
irreechaa hoola Dalaacha fidaani dhufuun ‘’nama sa’aa ,karraa jayinaa,watii matii ,alaa
mana nufii tooli tooli nu toolchii ‘’ jeedhani erga waaqa arraarfatani booda hoolicha
qaluun dhigaa lafa buusun kana falaatu.

53
Suuraa 2 Sirni faloo irreechaa malkaa kataaraa irratti rawwaatamu mul’isu

Maddi wajjiira Aadaa Turiziimii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo)

Suuraa 3 hirmaana abbooti gadaa fi wajjiira Aadaa fi Turiziimii wajiin qaban muli’su

(maddii wajjiira Aadaa fi Turiziimii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo irraa)

54
4.3.2.Gahee Dubartootaa Kabaja Ayyaana Irreechaa Irratti

Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf bakka bu’iinsa yookiin gahee dubartootaa hawaasa
Oromoo ilaaluun daran barbaachisa. Qorattoonni garaa garaa akka waliigalaatti dhimma
kanarratti bifa garaa garaatiin falmu. Fkn.(Jackson,1993), amala koorniyaa keessaa inni tokko
dhiiraa fi dubartoonni walmadaalu, hawaasummadhaan kan ijaaramani, aadaan addaa fi
gartuuwwan waliigalteeti. Sakatta’a barruulee hedduu keessatti dhimmi kun dhugaa jiru,
kutaa aadaa fi hawaas-diinagdee caasaalee biyya hundaati (Ferraro,1998;Qashu,2016).Yeroo
dheeraan darbus, ammayyuu aadaaleen gargarsa cimaa dhimma koorniyaaf laatan jiru.
Wantoota kan biroo caalaatti dhimmi koorniyaa mallattooleen, ibsa jechootaa fi gochaaleen
gahee saalaan bal’inaan mul’atu (Ferraro, 1998; Jackson, 1993).

Kanaaf, enna keessumaa gara dubartoota Oromoo dhufnu; (Hussein, 2004) akka kaa’etti
aadaan koorniyaa hawaasa tokkoo kutaa caaseffama hawaas-diinagdee xaxamoo
hawaasichaati. Kanaafis, kallattii kanaan yoo xiinxale namni tokko hubannaa gadifagoo
dhimmi koorniyaa argata (Gerbi, 2018). Aadaa Oromoo keessatti, seerota, duudhaalee fi
sirnoota garaa garaatu kallattiin yookiin alkallattiin dhimmi koorniyaa cimseera. Iddoowwan
sirni gadaa ciminaan jiruttii yookiin aangoo hawaas-siyaasa qabutti kanneen akka Booranaa fi
Gujii seera aangoo qabeessa dhimma koorniyaa fi hariiroowwan miseensota hawaasichaa
tiksantu jiru (Jalata, 2012; Damissee B. T., 2008)

Manguddoo Gariisa Kadiir (21/10/2020) Oromoo biratti dubaartiin olfoodha . abbaan gadaa
tokko gadoomuf dubaarti fudhee rakkoo itti qaale wajjiin malkaa bu’u qaba kana jeechun
abbaan gadaa kophaa isaa malkaa hin bu’uu.abbaan warraa bokku batee yoo malkaa bu’uu
hatii warraa immoo okolee,dhagaara fi gadii qabaate wajjiin malkaa butii. Dubartoon Arsii
kadhannaa Waaqaatiif malkaati ba’u.dubartoon malkaa yoo bu’an meeshaalee uifoo waaqa
ittiin araarfatanii fi ittiin kadhaatan kaneen akka Marga Irrechaa, Siiqqee, Caaccuu,Gaadii fi
Elmtuu aannaniin qabatanii ililchaa malkaatti bahu.yeroo kana dubartooni ‘’malkaa katiyoo
kaa irreessaa sitiin dheessa’’jeecha imaalu yookinii gara malkaa qajeelu , malkaatti irreechaa
irrefatani aannan dhibafachuun Waaqa akka roobu, rakkoon uumame kan biroos yoo
kadhatan Waaqayyo namaa ,horii fi bineensa bosonaatti irgaa waaqa kadhaatani roba
uummaa nu keeni ,kasa’a nama nu keeni ,warraana nura qabii warraana qaqeessi ,dhukkubaa
hama nurraa qabii jeedhanii bifaanii kadhatanii batalumatti deebii waaqara argaatanii iliifata
gara manatti deeb’u.

55
Dur dubartiin dhala dabdef dubartoon Siinqee qabatani elelfaachaa malkaatti bahanii yoo
Waaqa kadhatan dubartiin sun nideessi. Dubartoon siinqee qabatanii yoo malakkaatti bahanii
Waaqa kadhatan homaa hindhaban.

Ummanni Oromoo malkaatti bahee Waqqa isaa itti galateeffata. Waqtin Gannaa darbee
biraan yoodhuf Ganna darbe nagayaan darbuuf wayittii itti aanu nagahaan akka jiraatu Waaqa
kadhachuuf malkaatti walgahee galateeffata. Galanni Waaqas irreechaa fi dhibaayyudha.
Malkaatti yoo bahan ulfaawwaan akka Kallachaafi Caaccuu Callee qabachuun yoo ta’u kun
immoo Safuu fi ulfina malkaa kan agarsiisudha.dubartooni yoo malkaatti bahaan ufaata
Aadaa xibiqoo ateettee yookinii qoloo adii ufaatani calleedhaan fayyaamani caaccuu ,siiqqee
fi marga sardoo fi daraara bira qabatanii ilichuun irreefachuu malkaa gabiissu.kun immoo
safuu dubaartin Aadaa fi safuu oromoo irratti qabdu agarsiisa waan ta’eef enyummaa
(oromummaa)isaani karra faaya ta’een ibsatu.

Suuraa 4 Gahee dubaartonni Ayyaana Irreechaa keessatti qaban agarsiisu

(Maddi wajjiira koominikeeshinii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo irraa Argame)

4.3.3.Gahee Dargaggootaa Kabaja Ayyaana Irreechaa Irratti

Dargaggoon qama hawaasa keessa isaa tokko fi akka aadaa oromooti ijolee umriin isanni
waggaan kan qoodu yoo ta’u da’imaan guyyaa dhaloota isaani irraa jalqabanii (0-8)irratti
warri jiraan akka sirna Gadaati umrii da’imummaa yookinii ‘’jabilee’’dhalaatu jeedhamani
kan yaamammaan yoo ta’u warri umriin isanni ( 9-16 )immoo ‘’ itti makkoo’’yoo jeedhaman

56
warri umriin isanni ( 17-24 ) immoo ‘’Dabballee’’ umriin (25-32 )immoo
‘’Foolleee’’jeedhamuun yoo wamammaan umriin itti makkoo kaasse hanga Foollee irraa jiru
qooqodama fi gahee mata isanni qabatanilee umrii dargagguumma waan ta’aniif ijoleen umrii
waggaa 9-32 irratti argaaman kun guyyaa kabaaja ayyaana irreechaa kana akkaata umrii
isaanittiin walii qoqqoodani taphoota fi sirboota adda addaa taphachuun ayyaanicha kan
midhaagsan ta’u ragaan argaane ni addeessa .

Dargaggoon umriin isanni naannoo waggaa 25-32(sadaarka Foollee)irraa jiran guyyaa kabaja
ayyaana Irreechaa ganamaa hanga galgallaati qaama naggeenya eegan ta’uun kabajjiini
ayyaanicha naggaa qabeessa gochuurratti qooni isanni olaana ta’u ragaan walitti qabame ni
ibsa.

Suuraa 5 Gahe dargaggoon kabaja ayyaana irreecha malkaa kataaraa irratti qaban mul’su

(Maddi wajjiira kominiikeshiini Aanaa Leemmuu fiBilbiloo irraa argane)

4.4.Ardaalee fi Meeshaalee Ulfoo Sirna Kabaja Ayyaana Irreechaa


4.4.1.Ardaalee Ulfoo

Oromoon lafti kamiyyuu sabaabafi faayidaa malee hin uumamne jedhee amana. Lafaa
waaqayyo eebbisee warra biroo irraa adda taasisee uume jedhe amanu ni kabaaja, ni
safeeffata. lafa safuufi ulaffina qaban kanatti bahee waaqa galateeffata akkasums araarfata
(irreefata). adaalee Oromoon itti irreeffatu keessaa: malkaa , tulluu fi odaan yoo ta’aan

57
oromoon isaan kaneeniif bakka guda keena, wa’ee ardaalee irreefana kaneen irratti qorataan
sakkata’aa tasiisse jira.

4.4.1.1.Malkaa/Hoora

Dirribii Damissee (2015:216)malkaa ilaalchisee yoo ibsu Oromoon malkaa kansafeeffatuuf


“…bakka itti bishaan argate qofa osoo hintaane bakka inni jaalalaafi jaalallee itti aragate
waanta’eef nikabaja, itti irreefata.” Akka ilaacha Oromootti malkaan idoo namni yeroo
uumamu dhiirri fi dubartiin jalqabaa / Horroofi Haewee/ wal aragnii waliin jiraachuu eegalan.
` dabalataan sagantaa TV OBS tamsaasa kallatii irresaa malkaa Harsadii (04/10/2015),
sagantaa tamsaasa irreessa malkaa Soor / Odaa maaruu / godina Iluu Abbabor (19/12/2015),
sagantaa tamsaasa irreesa malkaa Danbal /Taajoo Roobaa/ (26/02/2016 vidiyoo rikardii isaa
dawwaadhe irratti malkaan galmaa irreefana oromoo ta’u hubaadhe jira. Akkasumas
dawwannaa rawwii sirna irreechaa malkaa, Kataaraa (6/9/2020) qaaman argamee hordofee
galmaa amaanta kadhaana waaqa oromoon itti rawwaatan ta’u hubaadhe jira.

Malkaa ilaalchisee, Leellisaa Aadaa (6413 LW: 115) yoo ibsu: “Malkaa /Laga/ gurguddoo
yoo qaxxamurun ce‟an ittiirreeffatu. Lagni kun bishaan Bonaa fi Ganna waan baatee
deemuuf Waaqni burqaa ayyana qabu kana hingogne wojiin Uumaa isaa hojii Waaqaa
dinqisifachuuf.” Jedha.

Yaadota kana irraa akkuma hubachuun danda’amutti, malkaan lafa Ganna Bona bishaan
jireenaf barbaachisu baachuun binesotafi ilama namaatiif dhiyeessiti, lafa diriirtuu ittin laga
ce’an lafa biroo irraa adda taatee uumamte. Uumaa lafa tanaa /Malkaa/ akanatti uume
dinqisifachuf itti irrefatu, dhibafatu.

Ce’u itti irreefata. Qorataan manguddoo Dadhii Eerbaa,Naggaasaa Ariitii, Bantaa Turree,
Bultoo Dabaalee (29/10/2020),GalatooHindheessa(10/10/2020), Damee Manzaa, Asaffaa
Diriibe Jammaa,Daraartuu Tulluu,Shawwayyee Magaarsa(10/10/2020),Gutaama
Naggeesso,Badhushee Fayisaa,Umarii Ibraahim(29/10/2020) irraa raga argateen,Bishaan
jireeny akka iiti fufuf isa murteessadha, bishaan kan aragmu Malkaatti Malkaan lafa namniif
bineesson kamiiyyuu bishaan jireenyaaf barbaachsaa ta’e itti aragatan, lafa yeroo maraa
jiidha qabduu, lalistuu tatateedha. Bishaan argachuuf ilmi namaafi bineesson manas ta’e kan
bosonaa malkaatti deddebi’u. Namnifi uumamni biroos laggeen gurguddoo iddoon ittin
qaxxamuran malakaadha, Malkaan lafa biroo irrra adda taatee waan uumamteef uumaa
malkaa adda taasisee Waaqayyoon dinqisfachuuf Oromoon laggeen gurguddoo Bonaaif
Ganna bishaan baatanii uumama lafaa bishaan obaasan kanneen yoo

58
Goggeessi Gadaa bara Baallii isaa xumuree gadaa itti aanuuf aangoo dabarsu dura sirna
Gamma baasuu raawwata, sirna kan raawwacuuf miseensa googessa Gadaa issa,

Foolleefi Dabbalee qabatee malkaa bu’ee malkaatti irrafata. Malkaa bu’ee osoo hinirreefatin
Gamma hinbaasu, seera barcumaa gahuu hindanda‟u.

Foolleen miseensi Gadaa isaanii yoo sigbaa gale /haadha warraa abbaan warraa irraa du‟etti
gale malkaa buusanii bishaan itti facaasuun /sirna cubbu irraa dhiquu/ raawwachun/, dubartii
sanatti Rakoo qalee akka seera rakoo guutatu taasisu. Kana yoo raawwachuu baatan miseens
Gadaa biroo / gogeessi isaan booda bara Fooluma isaanii nama haadha warraa dhirsi irraa
du‟etti gale Sigabaa Waan muranif, namni sigabaa murame immoo, sirna Gadaa keessa
huluuquufi ilmaan isaa sirna Gadaa keessa hirmaachu mirga hinqaban. Kanaaf, Foolleen osoo
goggeessa Gadaa Foolummaa isaanii hindabarsin ykn gogeessa itti aanutti hindarbini dura,
miseensa isaanii Safuu cabse haadha warraa abbaan warraa irraa du‟etti gale malkaa buusanii
cubbuu irraa dhiqu. Sirnichis garba gatuu jedhama.

Dubartoon Arsii kadhannaa Waaqaatiif yoo malkaa bu‟an Irressa, Siiqqee, Gaadiifi Elmtuu
aannaniin qabatanii ililchaa malkaatti bahanii, malkaatti irreesa irrefatani aannan
dhibafachuun Waaqa akka roobu, rakkoon uumame kan biroos yoo kadhatan Waaqayyo
namaaf dhagaha rooba kadhatan ta‟e rakkoo uumames battalaumatti deebii argata.

Dur dubartiin dhala dabdef dubartoon Siinqee qabatani elelfaachaa malkaatti bahanii yoo
Waaqa kadhatan dubartiin sun nideessi. dubartoon siinqee qabatanii yoo malakkaatti bahanii
Waaqa kadhatan homaa hindhaban.

Ummanni Oromoo malkaatti bahee waaqa isaa itti galateeffata. waqtin gannaa darbee biraan
yoodhuf Ganna darbe nagayaan darbuuf wayittii itti aanu nagahaan akka jiraatu Waaqa
kadhachuuf malkaatti walgahee galateeffata. Galanni waaqas irressaafi dhibaayyudha.
Malkaatti yoo bahan ulfaawwaan akka Kallachaa fi Caaccuu Callee qabachuun yoo ta‟u kun
immoo Safuufi ulfina malkaa kan agarsiisudha.

Oromoon bara hoongeen hammaatee, Bonni dheerate, miidhaan uumamaa adda addaa irra
gahe malkaatti bahee, Kormaafi Dullacha qalee waaqa yoo kadhate hamtuun dabartee robin
roobee gogginsaafi dheebuu hanbisa.

Malkaa bu‟anii yoo waaqa kadhatan namni wallole osoo hinaraaramin malkaa waliin
hinbu‟u. Malkaa kan bu‟ani garaa qulqullun goomii tokko malee ta‟uu qaba. Namni malkaa
bu‟es osoo hinirreeffatin dura Abbaan Malkaa, ykn hangafti namni walatti mufattan /goomii/

59
qabdan waliif akka dhiisan gaafatee harka walfuudhun dhiifama akka walgaaftan, harka
walfuusisee walitti araarsa. Namni walitii bu‟e hinaraaramu jedhee diduu hindanda‟u ulfina
malakaatiif jedhee araaramuun dirqama. Kana malees, namoonni malkaa bu‟an hundi harka
walfuudhu. Kana irraa kana hubatamu malkaan kabajaafi iddoo qulqulluu safeeffatamtu ta‟uu
isheeti. Dabalataanis, kabaja hawwiifi jalala Malkaaf qabuuf Oromoon ilma isaatiif maqaa
Malkaa jedhu mogaasun Malkaan Oromoo biratti Safeeffatamtuufi jaalala qabu hubachuun
nidanda‟ama.

4.4.1.2.Tulluu

Tulluun lafa biroo irraa adda tatee kan uumamte yoo taatu, lafa birroo irraa adda kan taasisu
ol kaatuudha, fagoodhaa mula‟atti, akka laayyotti gubbaa Tulluu bahuun /yaabu/ ulfaatadha
diina jalaa gara Tulluu yoo baqatan akka laayyotti diina ofirra ittusu, Tulluun
dawoodha,Tulluu Waaqayyo yoo uumu sababa malee miti Ayyaanaafi hiree waliin
uume.Tulluu ilaalichisee Leellisaa Aadaa, (6413 LW: 115) yoo ibsu: Waaqqeffattoon ayyana
kanaa ni safeefatu.
Tulluu gurguddoo bira yoo darban itti irreefatu. tulluun kun lafa diriira jiru keessa olka‟ee
kan argame, waaqtu ayyaana guddaa wajjin isa uume jedhee waan amanuuf duwwaa osoo hin
taane waaqatti dhiyaatee jira jedhame ulfina guddaan waan ilaalmuuf.
Akkaqorattaan manguddoo AbdurqadiirSukarree (05/11/2020)
ShawayyeeMagaarsa(29/10/2020)DadhiiEerbaa(19/10/2013)fi Waqoo Tufaa (10/11/2020)
iyyafatetti; Tulluun lafa kabajamtuu, mootii lafaatti, lafa hunda irraa kara Waaqatti ol dhiyaaa
itti irrrefatamuatti, dur Oromoon mana lafa gooroo tullutti dhiyaatu malee lafa dhooqa ykn
golbatti mana hinsijaaratu ture, Tullun lafa ulfoo irreessa Afiraas itti irreefatamu.

Ibraahim Hindheessa (19/10/2020), “Tullun hangafa lafaat. Iirreefachuuf ta’ee Waaqa


kadhachuuf Tulluutti yoo ol bahan guutuu ykn sammuu Tulluu irra dhaabachuun safuudha.
Guutuu bira osoo hingahin dhabatanii kadhaatu. Kunis kana ta’eef Tuulluun kabajamtuufi
ulfoo ta’uu isheeti” jedhu.

Dabalataanis tamsaasa TV OBS (18/06/2016) sirana Gadaa Odaa Roobaa deebsuuf


Gamataan Abbootii Gadaa Oromiyaa Odaa Roobaa iratti argamuun barsiisan irratti
yoobarsiisan seeroota jahan sammuu seeraa ta’an “Waaqni ulfaa, Lafti ulfoo, Abbaan Ulfaa,
Haati ulfoo, Malkaan/Horri/ ulfoo, Tulluu /Gaarri/ ulfoo”jechuun lallaban.

Tamisaasa Tv OBS qophii Q’ee ORomoo 18,/03/2016) irreessa Tulluu Baarakii aanaa Baarak
Alaltuufi marsaa intarneetii https:// www.sstuube.com(29/07/2016) jedhu irraa irreessa

60
Tulluu Furii aanaa Sabbataa Hawaas (Bitootessa 2015) aanaa Sabataa Hawaas raawate
hordofee jira.

Akka raga armaan olii irraa hubatamutti irreessi Tulluu kan gaggeefamu wayitti Afraasaa
keessa yoo ta’u irreesi kun irreessaaraaratti Waaqin akka rooba yeroo isaa eegee roobu,
bonaan sa’aa nama akka hinmine, kan araara waaqaa ittin kadhataniidha. Yeroo irreessa
Afraasaa margi waan hinjirreef irreessaf kan itti gargaaraman baala mukaa jiidhaadhaa yoo
ta’u keessatuu, baala muka abbayyii jedhamuutti dhimma bahu.

Walumaa galatti, Tuulluun Mootii lafaat, Waaqatu Lafa biro caalchisee uume lafa ulfoo

/Safuu ta’uu isheeti. Kanaaf Oromoon Tullutti bahee Waaqa araarfata, kadhata, irreeffata,
yoo Bonni hammate kormaa irratti qalee uumaa isaa kadhata. Hamtuun yoo uumamte,
ulfaawwan isaa Kallacha, Caaccuu, Bokkuu, Siiqqee, Gaadiifi Ciicoo qabatanii Waaqa
kadhatu. Oromoon yoo eebbisus Tuulluu ta’ii fagoo muladhu jedhu, jaalalafi hawwii Tuulluf
qabuu ilama isaa akkuma Malkaa Tulluu jedhee mogaasa. Walumalatti Tulluun uumata
Oromoo biratti Ulfoo ykn Safeeffamtuudha

4.4.1.3.Odaa

Odaan uummata Oromoo biraatti mukaa hoodaati. Odaan muka biroo irraa adda ta’ee
uumame. dameen isaa kallatii hundatti walqixa ta’ee waan guddatuuf kallatiin hundaanuu
gaadisni isaa walqixa. Qorataan Odaa ilaalchisee manguddoo Amoshaa
Tollaa(10/10/2020),FayisaaWaqushee (17/11/2020),Galatoo Hindheessa (16/11/2020)
Gutaama Naggeesso(20/12/2020) iyyafataneen:

Odaan muka seera, muka Gannaa Bona lalisuudha. Gaaddisni dameen Odaa nama hedduu
of jalatti qabachuu danda’a Odaan gubbaan isaa firii qaba, jirmi isaa aanana qaba, iddoo
mukkin Odaa jiru burqaan hindhabau, eela yoo qotan nannaoo Odaatii hindhabamu waan
ta’eef Odaan muka milki gaarii qabu, Odaan yoo jalatti dubbatan gootuu sagalee hinqabu,
jaalatamaadha. Odaan gaaddisa abbootii gadaatti, Odaan muka qulqulluudha. Bineesson
Odaa jalattiifi irratti hin qulqula’aan, kana malees, bineesson miidhaa geessisan kan akka
bofaa, buutii Odaa jalatti hingalan. Odaa mixii yoo ta’e malee, bineessonni miidhaa nama
irraan gahan kamiiyyuu Odaa jalaafi irra hin jiratan jedhan.

Managuddoofi Qorataan seena Aadam Xiinna jedhamu Tamsaa Tv OBS (18/06/2016) sirna
deebii Gadaa Oromoo Odaa Roobaa irratti argamuun Wa’ee Odaa Yoo ibsu:

61
Odaa Bakakkaan itti hin bu’u, bineessonni midhaa geessan kan akka bofaa, buutiifi kkf jalatti
ykn gubbaatti hingalan, Bineessonni firii mukaa nyaatan kan akka Qamalee, Jaldeessaa
Weenniifi Kan biro guyyaa firii isaa irraa nyaatan malee irraa hinbulan, bineesson kun muka
kana irratti ykn jalatti hinqulqulaawan gaaddisin Odaa qaulqudha, Ormoon Odaa jalatti
dhimma nageenyaa malee dhimma biroo hindubbatan.

Asirraa akkuma hubatamutti amalaafi uumama Odaan yoo ilaalle muka eebbifama ayyanaafi
milki qabeessadha. Mukinni Odaa Ganna Bona lalisaafi magariisa yoota,u muka carra
qabeessaafi nageenya taasifamee waan fudhatamuuf Odaa Oromoo biratti Safeeffatamaafi
ulfaatadaha.

4.4.2.Meeshaalee Ulfoo Kabaja Ayyaana Irreechaa


Taaboor Waamii (2007) ulfaa ummanni Oromoo Safeeffatu hedduu yoo ta’an isaan keessaa
Bokkuu, kallacha, Caaccuu, Siinqee, qanafaa, laadduu, erboora, isaan muraasa.

Bokkuun inni jalqabaa Waaqaa kan bu’eefi mallatoo aangoofi tokkummaa dhiiraafi dubartii
agarsiisa, Dooqaafi Calleen Walitti hidhamiinsa ilama namaa jalqabaafi Waaqaa

(Horroofi Waqaa) kan ibsun yoo ta’u, Kallachaafi Caaccuun inni jalqabaa akkuma Bokkuu
Waaqaa bu’e. Akkasumas, uffata kuula haalluuadii, diimaafi gurrachaa sirnaafi
ayyaaneefannaaf uffataman keessaa muraasa.

4.4.2.1.Bokkuu

Bukkuun ulfaa Oromoo biratti beekaman keessa tokko yoo ta’u sirna Gadaa keessatti Bokkuu
Kan qabatu Abbaa Bokkuu /abbaa murtiiti/. Akkuma kallach mallatoo aangoo Abbaa Gadaa
ta’e Bokkuun mallattoo aangoo Abbaa Bokkuu agarsiisudha. Haa ta’u malee, ummanni
Oromoo lafti irraa jiraa bal’aa fi sirnoota daraban keessa duudhaa isaa akka hin guddifanne
dhiibba irraa gahaa tureen garaa garummaa xixinnoon jiraachuu danda’a. Kanumaa
walqabatee Orommoon Karrayyu akkaataa Bokkuu dhimma itti bahaniifi itti fayyadama isaa
ilaalchisee Mulugeetaa Nagasaa (2014 :140) yoo ibsu akkas jedha.

Abba Bokku (the father of scepter) in Karrayyuu Gada system, Abbaa Bokku is serving as
Gada leader. In their Gada system, there is no naming of Abba Gada though the position of
Abba Bokku is similar to the duties and reponsiblities of Abba Gada. Currently, however, one
of the Karrayyu native individual has been elected as Abba Gada by the ruling political party
of the regional state to satisfy the political interests of the administrative power of the
District in the name of Abba Gada.
62
As irraa wanti hubatamuu qabu, Bokkuun mallatoo Abbaa Bokkutti inni jedhu akka Gadaa
Oromoo Karrayyuutti garaa garummaa akka qabuudha. Kunis Abbaan Gadaa maqaan
jedhamu akka maqaa Abbaa Bokkuutin bakka bu’uufi Gaheen hojii isaa kan Abbaa Gadaa
ta’uu isaati. Hata’u malee, Bokkuun akkuma Gadaa Oromoo Tuulamaa mallattoo Aanaagoo
ta’uun isaa hubachuun nidanda’ama.

Abbaa Gadaa Gutaama Naggeesso ,Bantaa Turree fi Badhushee Fayisaa irraa raga
(14/12/2020),

Bokkun ulfoo Oromoon sirna Gadaa keessati dhimma itti bahaa ture kabajaa fi Safuu qabu
yoo ta’ u, Bokkun durii Waaqaa bu’e jedhamee amanama. Bokkuu kan Abbaa Bokkuti. Abban
Gadaa kallachaa yoo hidhatu abban Bokkuu Bokkuu qabata. Duri yeroo ummanni Oromoo
Safuu eeagtaa turetti Bokkuun akkuma ulfoowwan biroo iddo rakkoon uumametti rakkoo
hiikuu dhiimma itti bahu walitti bu’iinsi namootaa yoo uumamefi dhiigini namaa akka
hindhagalane, Abbaan Bokkuu yoo Bokkuu qabatee bahe rakkoon sun battalumatti furmaata
argata. Bokkuun bahee Oromoon araara didu hin jiru. Kanaaf guyyaa sirna fi araaraa
akka ayyaana Irreechaa Bokkuu qabachuun Abbaan Bokkuu Oromoo araaraa fi dhifaama
akka walii tasiissu fi waaqayyoo dhifaama fi Araaraa akka nama latuu ittiin kadhaatu.

Kun kan namatti agarsiisu Oromoon sirna Gadaan bulaa yeroo turee Bokkuun ulfoo
uummanni Oromoo Safeeffatu, Sodaatufi kabaju, yeroo sirnaa fi ayyaana malee yeroo biroo
akka dhimma itti hinbanefi ulfoon kun nama hunda osoo hinta’in sirna Gadaa keessatti
Abbaa Bokkuu qofaan kan qabatamuufi diinqa ykn boroo manatti sirnaa kan kaawama.

4.4.2.2.Kallacha

Taaboor Waamii (2007:220) kallacha yoo ibsu, “Kallachi tajaajila uummata Oromootiif
Waaqa tokkoof Waqaa kan bu’eefi mallattoo araarati jedhanii amanu, Kallachi mallattoo
gootummaa, hayyoominaa, Walabummaa, lubummaafi aangootti.” Jedha. Kallacha lamatu
jira isaaniis kallacha Laafaafi Qaraa jedhama.

Kallachi lafaan, kallacha Abbootiin Gadaa, kallacha isaanii adda irratti hidhatanii dhiimma
itti bahan yoo ta’u; manguddoo Sorii Birrii fi sa’iid Waqayyoo irraa raga (12/12/2020),
argameen

Kallachi mallattoo Abbaa Gadaa yoo ta’u, kallacha karaa hin qaxxamuran, dura hin
deeman. Kallachi ulfinaa, aangoo fi wayyooma Abbaa Gadaa kan Agarssiisudha. Abbaan
Gadaaa Kallacha guyyaa sirnaa malee hin hidhatu. Kallacha Abbaa Gadaa, osoo lubbun

63
jiruu ilmi hidhachu hindanda’u. Kallachi abbaafi ilmaa wal hindanda’u jedhama. Yoo
abbaan du’e ilmi hangafin gaafa hayyu yaa’a Doorii ta’ee eegalee hamma lubbun jirutti
fayyadamuu danda’a.

Abbaa Gadaa Hammuu Saddoo fi manguddoo Badhaadhaa Birrii ,Beenyaa Adduuna, Waqoo
Tufaa fi addee Washoo Gammaada (14/11/2020) Qorattaan marii wajjiin tasiissen:

kallacha kan hidhatan Yuubaa, Baatuu, Abbaa Gaddaa fi gogeessa Gadaa Doorii keessaa
hayyuu yaa’a qofa.Yuubaa fi Baatuun kan kallacha hidhatan warra goggeesa gadaa isaanii
keessatti Abbaa Gadaa ta’anii tajaajila turan yoo ta’an, Gogeessa Dooriin keessaa kana
kallacha hidhatu hayyuu ya’aa ta’ee, nama filame fi, innis, Gadaa itti aanuuf, Abbaa Gadaa
ta’ee kan tajaajiluudha.

Dabalataan, miseessonni gumii, gumii ta’uuf gara Agallaa / galma Gumii yoo deeman
gogeessan ykn hiriiran yoo ta’u, gogeessi martuu akkaataa hangafaa quxusuu isaatiin warra
kallacha hidhataniin durfamanii deemu. Seerri gumaas yoo lalabamus Abbaan Gadaa
Wayyuu, Kallachi wayyu jedhamee lallabamaa

Kallachi qaraa kallacha warra ayyaantuu yoo ta’u warri kallachaa warra hangaafti
jedhama. Kallachi qara yoo sirnaaf ta’e malee hin bahu guyyaa sirnaa caaccuu waliin kan
bahu yoo ta’u sirna kanaaf wareega barbaachisa.

Ibraahim Hindheessa, Dadhii Eerbaa irraa raga(14/12/2020) gaaffii deebii tasiisseen:

kallachi ulfoo safuu qabuu fi kan warra hangafaat, kallachaa fi caaccuun addan hin bahan
warri kallachaa caaccuu hindhaban, akkasumas kallacha guyyaa sirnaa gurguddoo akka
irreechaa fi kadhannaa qofa kan bahu yoo ta’u Kallachi guyyaa sirnaaf barbaadame malee
ulfoowwan biro waliin boroo hagichaa yookinii Diinqa manaa ta’aa. Kana malee, kallacha
yoo gosti lama ykn gosa keessati waldhabbiin yoo uumame kallacha baasanii araarsu,
akkasumas sirna guddifacha kallachi osoo hin bahin hin raawwatamu. Kallacha abbaan arge
baatuu hin danda’u, ilma hangafa kallacha yoo baatu haati warraa isaa immoo caaccuu
baatti.

Walumaa galatti Kallachi ulfaa Safuu guddaa qabuufi ummata Oromoo biratti kabajamu yoo
ta’u kallachi mallattoo aangoo fi hangafoomaati. kallachi hawaasa Oromoo biratti rakkoo
gama hawaasaafi araara waaqayootiif ulfoo tajaajila guddaa qabuudha.

64
4.4.2.3.Caaccuu

Caaccuun ulfaa Uummata Oromoo biratti Safuu olaanaa qabuudha. Caaccuun kallachaan
addaan hin bahu warrii kallachaa caaccuu hin dhaban Caaccuu sirna ulfaataa ta’e qofaaf
dhimma itti bahama yoo ta’u, elellaan gogaa Roobii irraati diramun hojjetama.

Manguddoo addee Daraartuu Alamuu (12/12/2020) gaaffii fi deebii qorataatti tasiisseen;

Caaccuun meeshaaulfoo guddaa abaabayyuufi akaakayyuu isaanii irraa dhaalaniifi Waaqa


ittin kadhataniidha. Caccuu sirna kadhaana waaqa akka ayyaana irreechaa malkaatitti kan
gadii bahu fi meeshaa ulfoo oromoon ittiin guyyaa Ayyaana irraachaa waaqa araarfatu fi
ittin waaqa galaatefatudha sabaabnii caaccuun guyyaa Ayyaana Irreechaa gadii bahuuf
Caaccuun kallacha biraa waan hinhafneef . kallacha abbaan gadaa yookinii abbaan malkaa
yoo hidhaate malkaa irreechaa bu’uu hatii warraa abbaa gadaa immoo caaccuu ufatee
malkaa butii.Caaccuun kabajamaafi Safeeffatamaa waan ta’ee diinqa manaa ykn boroo
taa’a.

4.4.2.4.Marga Lattuu/Saardoo/

Margi ummata Oromoo biratti idoo olaanaa qaba. Jiruufi jereenya keessatti Oromoo bakka
marga dhiima itti hinbaane hinjiru. Araara Waaqaatii hanga dhimmoota dhuunfaa namoota
jiduu jiruutti marga qabatee raawwata. Waaqeeffannaaf Irreechi marga, gaa’eela irratti
Soddaan warra Soddaa margaan harka fuudha, Dur-Namoota qoricha aadaa namaaf kennan
Urjaa ( irreecha) marga kennuuf, yeroo ammaas namoonni marga fi maallaqa urjaa (irreecha)
jechuun kennu, Oromoon adaraa /amaanaa/ yoo walitti dhaamu cimsuu marga kutee harka
kaayu kun hundi isaa, Oromoon margaf kabajaa qabu agarsiisa.

Taaboor Waamii, (2007) marga lalisaa ilaalchise akka ibsetti uummata Oromoo biratti margi
magariisn mallattoo nageenyaafi badhaadhinaati. Hojii Waaqayyo hojjetef galata onnee irraa
madde fulduraaf nagahaan jiraachuuf kadhannaa Waaqayyootiif dhiyaatudha.Margi araaraaf,
ayyaaneeffannaa aadaatiif, hojii waliigalaa Siyaasa, diinagiddee hundaaf, kadhanaafi galata
Waaqaaootiif mallattoo latiinsaafi badhaadhinaa kan ta’e marga qabachuun.

Mulugeetaa Nagaasaa (2014:167) marga ilaalchisee akkas jedha,

coqorsaa” is atype of grass wich may not dry in the dry season and its root is long and
stretched on the ground. Hence, it is greenness symbolizes prosperity on the one hand. On the
other hand its length is interpreted as sign of continuity of generation.”jedha.

65
Kana jechuun Oromoon ilaalchi maraga coqorsaatiif qabu kan agarsiisu yoo ta’u margi
magariisummaan isaa hawwiifi latiinsa badhaadhina agarsiisa. Gama biraatin margi coqorsaa
yeroo roobni hin jirre illee maraga akka salphaatti gogu miti, hundeen coqorsaa yeroo
dheeraa gogiinsa dandamatee tura, coqorsi marga hundee dheera qabuudha. Kun immoo
fakkommii ittii fufiinsa sanyii, jabinaafi latiinsa agarsiisa.

Qorataan manguddoo Abduur qadiir Sukkaree addee Dammee Manzaa (19/12/2020 ) gaafiifi
deebii gaggeesseen;

Margi Oromoo Biratti iddoo olaanaa qaba margi jireenya lubbuu qabeeyii lafa kanaaf
madda jireenyaat. Margi uumama uumaan madda jirenya uumama birootiif bu’uura taasisee
uumeedha. Margi osoo jiraachuu baatee lubbuun kamiiyyuu hinjiru kanaaf, Waaqayyo
marga uumama jireenya kanaaf madda jireenyaa taasisee uume waanta’eef marga qabatanii
yoo Waaqa kadhatan Waaqayyoo namaaf dhagaha. Oromoon uumama qabatee Uumaa isa
kadhata.

Manguddoon Oromoon ijoollee biratti yoo waan dubbachu hinqabne dubbachuu fedhan
Waaqa ijoolleef Marga qabe jedha; ijleenis manguddoota biratti wanta dubatamuu
hinqabne dubbachuu yoo fedhan Waaqa abbootiif Margaqaba jedhanii hoofkaltii gaafatu.

Kana jechuun, Safuu cabseef marga qabtee dhiifama Waaqayyo gafachuu agarsiisa. Kana
maleessi oggeessi tokko ogummaa isaatni nama midhaame yaale deegare yoo ka’u urjaan
keenamuuf marga keenaf margi oromoo biratti ido olanaa qaba. margi ofkaaltidha kanaaf
oromoon yoo fudhuu firootan warra intalaati misiriichi marga jiidha keenunii ofkaltii fi
araaraa fudhaata.

Kana irraa hubachuun akka danda’amutti margi mallattoo latiinsaa ittiifufinsaafi


badhaadhinaa guddinaati fi araarati. Margi kennaa Waaqayyo addunyaa tanaaf jireenyi akka
itti fufu kenneedha. Kanaaf margi ulfinaafi Safuu olaanaa qaba.

Manguddoo Diriiba Gadaa wajjiin (20/12/2020) marii tasiissen

Margi fi Bishaan keena waaqayyooti kan waaqayyoo uumammaa isaati kanee. Umaamaa
lubu qabaan kamiifu akka ittin jirataniif kan keenedha. akka yaada isaanitti waaqayoo nama
fi Ardii bishaan keessa uummee Ardii keessa immoo marga uummee, lubu qabeeyin hundii
sorataani akka ittiin jirataan godhe kanaaf oromoon keena adda waaqayyoo namaaf keene
kana qabateetti waaqayyoon malkaati bahe irreefacha ittiin waaqa galaatefana .

66
4.4.2.5.Siinqee

Taaboor (2007) dhimma Siinqee yoo ibsu

Siinqeen ulee qalloo furdinni ishee mataa hanga miilaa walqixa taattedha. Siinqeen mallatoo
wayyoomaa haati intalli ishee gaafa heerumtu kennituufidha. Siinqee dubartii qofatu qabata.
Siinqeen furdin ishee mataa hanga miilaa tokko ta’uufi sirrii(qajjeeltu) ta’uun ishee mallatoo
seerra dhugaa eeganii deemuu mallattoo haqummaatti. Siinqee loon hin rukutan guyyaa
sirnaa malee guyyaa mara hin qabatan. Siiqqeen Waddeessa waliin diinqa manaa teessi.

Kidaanuu zallaqaa (2016: 89) Siiqee ilaalchisee yoo ibsu akkas jedha.

Dubartii Siinqee qabattee elelfachaa deemtu qaxxamuruun seeraa mit.

Namni farda yaabee itti dhufe farda irraa bu‟ee dabarsa. Kan waraan /eboo/ qabatee itti
dhufes waraana isaa lafa kaayee dabarsa. Siiqqeen mallattoo nageenyaa waan ta’eef namni
dubartii Siiqee qabatanii deeman dhufanis“…dhiltee dhinnaa… obbaya na hoofkalchaa
ofkalaa… ijarraa hafaa …” jedhee nagaha gaafatee yoo eeyyamamuuf tara. Yoo dhibes
hang isaan taranitti eega.

Mulugeetaa Nagasaa (2014) Siinqeefi fayidaa Siinqee ilaalchisee akaa addeessetti Oromoo
Karrayyuu biratti siinqeen fayidaa gurguddoo hawaasa keessatti qabdu yoo ibsu iddoo shan
gurguddootti qoodee jira isaanis:

Sinqe from Birth right point of View (Siinqeen kallattii lattiins hidda dhalootaatiin) siinqeen
kennaa warri intalaa isheef kenna yoo ta’u kunis siinqeen fakkommii hidda dhalootaa walitti
hidhamiinsa warra intallifi warra gurbaa kan agarsiisudha.

Sinqe as means cooling down Violence (humna sinqeen walitti buu’insa dhabsisuu keessatti)
walitti bu’iinsi gosaa ykn gosa jiddutti yoo uumame dubaratoon siinqee qabatanii yoo walitti
bu’iinsa jidduu seenan gareen wal waranu siinqee irra darbee waraan hin gaggeessu.

Sinqe as means of protection of Catastrophes (Siinqeen balaa uumamaa akkaa miidha


hingeessin tasiisuu keessatti) hoongeen yoo uumame dubartoon siinqee qabatanii malkaatti
bahuun araara Waaqaa kadhatu.

Sinqe as means of Medacation (Siinqeen akka tajaajila Jarsummaatti rakkoo hawasaa hiikuu
keessatti) rakkoon gosa keessatti yookan gosa lam jiddutti

67
yoo uumame dubarttoon siinqee qabatanii gama lamaan jiduu demuun akka araarri bu‟u
taasisu.

Sinqee as means of obtaing husband (Siinqeen gahee heruuma adda baanaa raawwachu
keessatti) dubarri takka osoo hinheerumni yoo turte haftu jedhamte hawasan waan
tufatamtuuf tuffii kana jala bahuuf dhiira barbaadde siinqee qabatte yoo mana seente safuun
siinqee akka fuudhu isa taasisa. dubartii siinqee qbqtee heeruma dhaqxe rakoo qaluun
dirqama.

Damee Manzaa fi Mako Bunu irraa (28/10/ 2020)qorataan ragaa waliiti qabateen ‘’Siinqeen
meshaa fuudhaafi heeruma keessatti gahee olaanaaqabduufi Wayyuudha.Meeshaa durbii yoo
heerumtu qabattee baatu keessaa inni hangafaa Siinqeedha.durbi hirumtu siinqee malee
heerumuu hin dandeessu’’ .

Qorataan manguddoo Dirribe Jammaa irraa ragaa (28/10/2020) argateen: ‘

Siiqeen meeshaa safuu/ wayyooma qabu dha. Siinqee intalli gaafa heerumtu haat ishee
kenitiif, Siinqeen wayyoomuu ishee nama guutuu ta’uu ishee kan agarssistu yoo ta’u. dubri
kan hiirmtu gosa ishee keessa baatee gara gosa ormaatti waan deemtuuf gurmuu dubartii
gosa itti heerumteetti kan ittii makamtudha. Siinqee guyyaa gaa’elaa haati intala heerumtuu
gurbaa fuudhutti baarree waliin “hoodhu barsee, hoodhu baarree” jechuun itti laatti.

Barseen nama ykn birmaduu jechuu yoo ta’u, baarreen meshaa aannanii aannaniin guutamee
mijuudha. Kuns, mallattoo qabeenya kennuu badhaadhinaati. Haati intalaa gurbaatti Siinqee
yoo kennitu fakkenya birmaduu eebistee kennuuf; baarreen qabeenya waan ittin jiratan akka
argatan mijuun eebbisuu agarsiisa. Gurbaan Siiqee haadha intalaa irraa fudhate Waddeesa
isaa waliin qabate gala.

Dabalataan qorataan Tamsaasa TV OBS (8/03/2016) qophii Qa’ee Oromoo sagantaa Ateetee
Deemsisaafi Siinqee ilaalchisee godina Arsii aanaa Muuneessaa irratti dokimantarii
qopheessen vidiyoo rikardii isaa dawwaate jira. Tamsaasa kana irratti abbaan warraa dubartii
qanafaa reebun dubartoonni naannoo elefatanii bahuun manguddoon bahanii abbaa warraa
dubartii qanafaa reebe akka aadaatti loon irraa qalanii dugida yoo cabsan fi dubartoota duratti
kufee araaraa yoo kadhatu tamsaasa dokimantarii mirkaneefate jira.

Walumaa galatti siinqeen meeshaa aadaa ulfaattuu ,Safuu Olaanaa qabduudha. Siinqeen
mallatoo haadhummaa ulfinaatti. Dubartoonni Siinqee qabatanii yoo deeman kabajaa olaanaa
qabu, Siinqeen humna haadholiiti, Siiqqeen waranni gosa jidduuti yoo uumame humna

68
araarsuu qabdi, akkasumas diina biyatti dhufe deebisuuf yoo duulan, haadholiin duula siinqee
qabatnii eebbisuun gaggeessu. Namoota haramuu raawwatan (fira dhiigaa waliin ciisan)
dubartoon sinqee qabatanii malkaa buusuun qulqulleesu sirni kunsi ‘’Kodhaa baasuu’’
jedhama. Siinqeen ulfoo qabatanii araara Waaqaaiitinkadhataniidha.

Suuraa 6 Haawwan Siiqee qabatanii Ateetee Bahana

.Madda waajjira Aadaafi Turizimii godina Arsii irraa Argame.

69
4.5.Sirnoota Ayyaana Irreechaa Irratti Raawwataman

4.5.1.Sirna Uffannaa Ayyaana Irreechaa

Ilaalcha Oromoo keessatti haalluu gurrachiifi diimaan kabjaafi Safuu qabu. Kanaaf, uumman
Oromoo sirnoota ayyaneefannaa fi jiloota adda addaa keessatti yoo hirmaatu uffata haallu
gurraachaafi diimatti dhimma baha kunis: uffata uummanni Oromoo dhiimmota sira
ayyanefannaa dhiima itti bahan kuulli isaanii halluu gurraachaafi diimaan ala dhimma iiti hin
bahan isaaniis gabatee armaan gadii irratti ibsamanii jiru.

T/L Maqaa ufataa Qaama dhimma itti bahu Haalluu Kuula

1 Ruufa Abbaa Gadaafi Qaalluu Gurracha


/cuqulisa

2 Jaanoo Abbaa Gadaa Diimaa

3 Dibbiqqoo ateetee Haawwan/haadholii Diimaafi


Gurracha

4 Qoloo Dubaroota Ayyanntuu Diimaafi


Gurracha

5 Kutaa Dubartoo Qaalluu Diimaafi gurracha

6 Bullukkoo Manguddoota Diimaafi


Gurracha

7 Qomee Haawwan Diimaafi gurracha

Gabatee Lak.1. halluufi uffata Oromoo sirnoota ayyaana adda addaa keessati dhimma bahu.

Kun kan nutti agarsiisu Oromoon falasaamaa fi ilaalcha inni haalluu / Colour/ dhaaf qabu kan
agarsiisu yoo ta’u, Halluu diimaan fakkoommii gootummaa tokkuumaa hidda dhalootaa
hawaasichaa kan bakka bu’uudha.

Haalluu gurraachi fakkoomii qulqullina, haqummaa olantuumaa Waaqaa kan agarsiisudha.


Oromoon waaqa haalluu gurraachaan fakkeessa kanaaf yoo eebiifatullee ‘’gurracha garaa
garbaa tokkicha maqaa dhibbaa leemmoo garaa taliila’’ jedha.

70
Walumaa galatti haalluu Gurrachii fi Diimaan Oromoo biratti hiika qaban falaasamaafi
ilaalcha isaa kan calaqsiisu yoo ta’u Diimaan gootummaa fi walitti hidhamiinsa hidda dhiigaa
sabichaa kan agarsiisu yoo ta’u Gurrachi olaantummaa Waaqaa, quliqulinaa fi haqaummaa
aragrssisa.sabaaba kanaaf guyyaa Ayyaana Irreechaa oromoon ufaata Adii haalluu Diimaa fi
Gurrachaan faayamee dhiyyaata yookinii olaa guyyaa ayyaana irreecha dargaggoo hanga
mangudootti ufaata aadaa oromoo haalluu Diimaa fi Gurrachaan faayamani midhaagani
mul’atu.

4.5.2.Sirna Irreeffannaa

Sirnii irreefana malkaa osoo hin rawwaatiin dura sirna eebifaana ‘’malkaa saqu’’ jeedhamutu
rawwaatama .sirna kanaaratti abbootin Gadaa ,jarsoliin (manguddoon) hangafoon gosa ni
dhiyyaatu akka dhiyyaataniif ni yaamammuu gosa oromoo Maccaa Tulaama keessa
‘’Galaan ,Garassuun ,Bachoo’’ mul’adhu Sikkoo Mandoo keessa immoo ‘’kojii, Qooma
,Boqqojjiin’’ mul’adhu jeechun gadaan ni lallaaba eerga dhiyyaatani boode malkaan sirna
eebatni ni saqaama dursa garuu warri mufii yookinii koomi waliira qabaan ni wamammuu
dhifaama walii gochuun harka walii fuudhu. sabaabni isaa koomidhaan malkaa hin bu’aan
kunni kan mul’isu irreechii araaraa ta’u isaa hubana.

Irreefana jeechuun abbootin Gadaa, manguddoon , dubartoon fi dargaggoon uummaan


kabaaja Ayyaana Irreechaa irratti hirmaatan hundii marga fi daraaraa bira qabachuun dhufaan
bishaaniin tuquun bita mirgaatti sirnii irreefachuu yookinii bishaan facaassu ni rawwaatama
sirni kun

71
Suuraa 7 Sirnii irreeffannaa malkaa kataaraa Aanaa Leemmuu Bilbiloo

( Maddi wajjiira Koominikeeshinii Aanaa Leemmuu fi Bilbilo irraa)

4.5.3.Sirna Dhibaayyuu

Uummaan oromoo karralee waaqa ittiin galateefatu adda addaa kan qabu yoo ta’u sirni
dhibaayu isaan keessa isa tokko fi oromoo biratti beekamadha .sirni dhibaayu jeechun yeroo
ayyaana adda addaa fi sagantalee adda addaa keessatu ayyaana Irreechaa irratti malkaa yeroo
bu’aan dubaarton(hawwaan) oromoo fi hatii warraa abbaa Gadaa Aanaan okoleetti qabatanii
deeman malkaatti (bishaan malkaatti) naquun yookinii dhangalaassu sirna rawwaatamudha.
Akkaa Addee Daraartuu Alammuu ,Addee Shawayyee Maggaarsa irraa raga (29/11/2020)
qorataan oddeefatetti uummaata Oromoo biratti dhibaafanaan sirna beekama yeroo ayyaana fi
saggaanta adda addaa, keessatu Ayyaana Irreechaa ,Ayyaana Masqallaa ,Qamee fi sirna
faloo,cidhaa, irratti wanta dhangaala’a mana keessa qaban kaneen akka Aanaani ,Dadhii,fi
Farsoo Iddo Ayyaani itti gaggeefamuti (malkaa,iddo gubaa) fi qaama Ayyaanicha yookinii
Abbaa sirnichaa millaa isaa irratti yookinii funduraatti dhangalaassun kan
dhibafamuudha.sirni kuun sirna wantaa mana qabaan keessa Aanaan isaa beekama yoo ta’u
qabeenya mana qabaan yookin itti abdaatan kana sagaanta saniif keenun (dhibaafachun)

72
yookinii gutuu ayyaana kana qopha’ee irraa iddo ayyaanichii itti rawwaatutti
dhangaalassudha.

4.5.4.Sirna Moggaasa Maqaa

Sirni moggaasa maqaa sirna guyyaa ayyaana irreechaa malkaa rawwaatamu keessa isaa
tokkoodha.kun immoo kan rawwaatamu obbooti Gadaa sirna irreefana irratti hirmaataniin
kan rawwaatamu yoo ta’u abbaan Gadaa haala yeroo yookinii bari sun itti jiru fi muddaano
bari sun qabu ilaalun da’imaan bara kana keessa dhalaatanti maqaa basaa tasiifamudha.

Qorataan ayyaana Irreechaa malkaa Godiina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo malkaa
Kataaraa irratti (06/09/2020) rawwaatame qamaan argaame kan dawwaate yoo ta’u abbaan
gadaa guyyaa Ayyaana kana gaggeessa olaan obboo Badhushee Fayisaa fi abbaan Gadaa
Gutaama Naggeesso waliin ta’uun da’imaan bara kana (2013)keessa dhalaataniin maqaa
‘’Bariissa ,Bariite ,Ifaa ,Iftuu fi yeroon kee’’ jeechun maggaasani lalaaban .akka mooggasa
maqaa kanaara hubaneetti bari kun bara garii bara gammaachu fi milkii ta’u isaa waan
namatti muli’isuuf maqaa akka Barsaa ,Bartee ,Ifaa ,Iftuu fi yeroon kee jeedhanii akka
mooggasan oddeefannoo abbooti Gadaa Badhushee Fayisaa fi Gutaama Naggeesso
irraa(2/10/2020) qorataan odeeffate. Akka walii galaatti sirnoon adda addaa kabaaja ayyaana
Irreechaa malkaa Kataaraa irratti kan rawwaataman yoo ta’u sirnoon armaan olitti tuttuuqne
isaan ijoo yoo ta’an sirnoon akka araarraa, Fudhaa Heruuma malkaa kataaraa irratilee kan
rawwaataman yoota’u sirnooni babbaaredan akkaana kun karraa heedumina qabuun
rawwaatamu dhabuu fi uummaan heeduminaan malkaatti bahaani irreefachuu fi sirnoota
babbaaredo kana rawwachuu dhabuun ni caalaqissa.kun immoo kan mul’isuu ofii ta’u dhabuu
fi oftii amanuu dhabu waan ta’eef fooya’u akka qabuu fi bartee (sirna) garrii dorgooma hin
qabnee jeechun qorataan ibse jira.

4.5.5.Sirna Dhibdee Hiikuu

Abbaan Gadaa Gutaama Naggeesso ,Badhushee Fayisaa ,mangudoo Abdurqadiir Sukarree fi


bar/sa Balchaa Mi’eecha (13/12/2020)

Oromoon sirna dhibdewwaan jiruu fi jireenya keessatti isaa mudataan itti hiiku kan mataa
isaa qaba.dhibdewwaan kuniin dhibdeleen karaa gurgudoo lamaan muddachu danda’anidha
.dhibdee karaa umamaatin namoota muddaatani fi dhibdee namaan beekansi ta’ee osoo hin
beekne namaa mudaatan .

73
Dhibdelee uumamaan nama muddaatan jeedhamaan keessa muraassa yoo tuqnu kaneen akka
‘’dhalaa dhabuu ,midhawwaan qamaan gutuu ta’anni dhalaa dhabbuu ,midhaa Robaa fi
Caama keessa (Angaassu waqaan ,Hoongee), dhibeewan adda addaa’’ fi kkf .

Dhibdewwaan karaa namaan muddachuu danda’aan kaneen akka ‘’ajeecha lubuu ,midhaa
qamaa ,balla Abiida ,koonkolaata , fudhaa karaa malee ,safuu fi Duudhaa cabsu’’ fi kkf
kaneen muraassa .

Abbaa gadaa Gutaama Naggeesso ragaa(13/12/2020) ibseen:

Oromoon dhibdelee karaa (bifa)lamaniinu isaa mudatee toofta ,seera fi duudhaa ittiin hiikatu
kan mataa isaa danda’ee kan qabu yoo ta’u dhibdeleen kun lamaanu malkaatti bahaani
dhifaama waaqaa uumaa kadhachuun kan hiikatu . dhibdelee sirna ayyaana irreechaa
malkaa kataaraa irratti akka hikatuuf abbooti gadaatin rawwaataman sirna, dhibe qorsaa
hinqabnee kan akka ‘’kooronaa’,’maseeni akka deesuu fi deessuun akka tadhoomtu fi dhibee
haama yaadoo Adduunya ta’ee akka waaqayyoo uummaata irraa deebisuuf kadhaan sirna
irreechaa malkaa irratti niyyaa yookinii qalbii ofii uummaan hundii waaqaatti keenun akka
isaara qabuuf kadhaata.

Dabaalatan ballaan roobaa fi caama keessa dhufuu dheekamsa waaqaa waan ta’eef
uummaan duudhaa ,safuu waaqaa lafaa akka eeggu fi wanta baleesse irratti falloo akka
godhaatu abboon gadaa ayyaana irreechaa malkaa kataaraa irratti lalaaba yoo dabaarsan.
dhibdee namaan beekansi osoo hin beekne nama muddaatan kaneen akka balla koonkolaata
irratti gummaan akka hin nyaatamne tumaan lalaaban danuu danuu olii wan ta’eef .dhibdee
‘’fudhaa karaa malee kan akka abba torbaa asiiti walii fudhuu’’ kun ‘’safuu fi duudhaa
oromtichaa cabsuu fi harrama’uu waan ta’eef’’ akka gochii akkaana hin rawwaatane fi
namni ‘’harrama’ee malkaa oromoo akka hin bunee jeechun irreechaa malkaa kataaraa
irratti murtiin kan darbee fi ilma safuu fi duudhaa oromoo ,jarsaa jartii ,abbaa ilmaa
,haadhaa intalaa ,hangaafa quxuussu ,waaqaa lafaa bineesa boosonaa addaamsanii ajeessu
fi mukka uumammaa fi boosona muruu fi abdaan gubuun safuu fi duudhaa cabsuu waan
ta’eef ilmii fi intalii abaarsa akka ta’an abaaramee jira.

74
Suura L.K.7.manguddoon abbooti gadaa malkaa eebisuun dhibdeeratti lallaaba yoo dabarsaan
agarsiisu.(maddi wajjiira Koominikeeshinii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo irraa)

75
BOQONNAA SHAN
XUMMURA
Boqonnaan kun mata duree xixiqqaa kanneen akka Cuunfaa, Argannoofi Yaboo, sakkata’a
Ayyaanaa Irreechaa Uummata Oromoo godina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ‘’malkaa
Kataaraa’ of keessatti hammatee jira.

5.1.Cuunfaa
Sakkata’a Ayyaanaa Irreechaa uummata Oromoo godina Arsii xiyyeefannaa Aanaa
Leemmuu fi Bilbiloo ‘’malkaa Kataaraa’’ jedhu kun qabxiilee akka kayyootti qabatee ka’e
bu’ureeffachuun: sakata’a ragaalee, malaa fi meeshaalee funaansa ragaa saayinsaawaa ta’e
hordofee erga sakka ta’e booda qabxiileen armaan gadii kun mulatanii jiru.

1.Kaayyoowwan qorannoon kun qabatee ka’e keessaa tokko ‘’kabajni ayyaana Irreechaa
malkaakataaraa uummaataOromooGodina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbilloo biratti maal
akka fakkaatu agarsiisuu’’yoo ta’u ,haaluma kanaan kanneen armaangadii qorannoo kanaan
mul’atan jiru.

 Sirna gadaa keessatti irreechii amaanti waqeefana oromoo ganaama uummaan


oromoo yeroo dukkani gana darbee ifni birra dhufee firii addaan cite walii arguu fi
yeroo dacheen magaarisa uuffate sa’a namni bineensa fi alaatin itti qufu waan ta’eef
yeroo gammaachu daraaraa bira fi marga jidhaa qabate malkaatti bahee waaqa
galateefatu ta’u ragaan walitti qabame ni agarsiisa.
 Irreechi ayyaana waqeeffanna Oromoon ganama yoota’u waggaatti si’a lama
kabajamudha. Irreechi ayyaana birra fulbaanaa masqalla barrii fi nannoo Ebilaa
malkaa fi tulluuti bahuun yeroo ‘’bacaaqi gannaa fi dhukkee boona’’ yookinii booni
hamaate fi hamaachu danda’a jeedhe Oromoon malkaa fi tulluuti bahe irreefatu fi
waaqa waan hunda uumee fi wantoota jireenyaaf barbaachisan hunda isaaniif kenne
galateffaatu ta’u ragaan argaane ni mul’isa.
 Irreechii ‘’Ofkaltiidha’’jeedha. Ofkaltiinkan Oromoon guyyaa ayyaana qofa osoo hin
tane guyyaa fi yeroo kamu yeroo malkaa fi laggaa cee’uu, mukka jidhaa guddaa akka
Odaa bira yoo gahu kamu irreeffate waqqaa isaa isa darbeef galaatefate isa itti aanuuf
immoo ofkaltii Waaqa gafaachu akka ta’e ragaan argaane ibsa.
 Irreechii sirna waqqeefana oromoota bara duriiti , Irreechii dandii tokkummaa
oromoota ta’u isaa ragaan fuunanne ni mul’sa.

76
2.Kaayyoowwanqorannoon kun qabatee ka’e keessaa lamaffaan‘’kabajni ayyaana irreechaa
malkaa Kataaraa duudhaa fi safuu inni of keessaa qabu sakatta’uu’’ yoo ta’u ,haaluma kanaan
kanneen armaangadii qorannoo kanaan mul’atan jiru.

 Safuu jechuun aadaa Oromoo keessatti ilaalcha namni uumaafi ummamaaf qabu kan
ibsudha. Kana jechuun, dhalli namaa lafa kana irratti ummama biroo waliin
waldanda’ee wal kabajee akkaataa waliin jiraachuu danda’u kan mul’isu ‘’seera
uumaa’’ jechuu akka ta’e ragaan argame ni agarsiisa.
 Ayyaani irreechaa safuu abbooti gadaa ,manguddoota ,dubartoota hangaafa fi arrii kan
ofkeessa qabu ta’u raga funaane ni addeessa.
 Duree sirnichaa yookinii hangafa dura malkaan akka hin saqamne fi malkaan
eebbifamu male sirnii irreefana kan hin rawwaatamne ta’u ragaan waltii qabame ni
ibsa.
 Oromoon malkaa osoo hin irreefane ce’uuni fi hangafa (arrii) dura ce’uun safuu
hawaasa cabsuu akka ta’e ragaan funanaame ni addeessa.

3.Kaayyoowwan qorannoon kun qabatee ka’e inni Sadaffaan gahee manguddootaa,


dubartootaa fi dargaggoon kabajaa ayyaana Irreechaa Malkaa Kataaraa irratti qaban ibsuu.

 Oromoo biratti dubaartiin olfoodha abbaan gadaa tokko gadoomuf dubaarti fudhee
rakkoo itti qaale wajjiin malkaa bu’a male kophaa isaa malkaa hin bu’uu.abbaan
warraa bokku batee yoo malkaa bu’uu hatii warraa immoo Caaccuu , Okolee, Gadii,
Dhagaara fi siinqee qabaate wajjiin malkaa akka butu ragaan argaane ni addeessa.
 Dubartoon kadha waaqattiif malkaa yoo bu’an meeshaalee ulfoo waaqa ittiin
araarfatanii fi ittiinkadhaatan kaneen akka Marga irrechaa, Siiqqee, Caaccuu,Gaadii
fi Elmtuu aannaniin qabatanii irreechaa malkaatti kan bahaan ta’u ragaan walitti
qabne ni addeessa.
 Dubartiin dhala dabdef dubartoon Siinqee qabatani elelfaachaa malkaatti bahanii yoo
Waaqa kadhatan dubartiin sun akka dahuu dandeessu ragaan argaane ni ibsa.
 Dubartoon siinqee qabatanii yoo malakkaatti bahanii Irreefatani Waaqa yoo kadhatan
booni haamate rooba itti roobuun badheessati akka jijjiirufi malkaati bahaani homaa
akka hindhabane ragaan argaane ni ibsa .
 Dargaggoon qama hawaasa keessa isaa tokko yoo ta’an iddo ayyaana irreechaati
sirboota adda addaa fi naggeenya sirnichaa kabachiissun sirnichaa kan midhaagsan
ta’u ragaan argaane ni mul’isa.

77
 Manguddoon qaama hawaasa keessa isaan iddo ol Aanaa qabanii fi sirna ayyaana
irreechaa irrati gahee ol aanaa kan qabaan ta’u isanni irraa ayyaana irreechaa irratti
naggaa fi tasgabiin akkaasuma namoota waliiti mufii qabanii fi koomii waliraa qaba
malkaa keessattiaraarsuu fi yoo hin danda’amnee immoo ofii yookinii dhifaama walii
tasiisun guyyaa itti qabani araarsun firra gara Aanaani akka godhaanif ofitti kan
fudhaatan ta’u ragaan argane ni ibsa.
 Gammaachu fi itti qufiina waaqa isanni bira qabaan calaqisiissuuf jeecha yeroo
malkaa bu’aani fi malkaa deebi’aan ‘’hoo yaa marree hoo!marre hoo! ‘’jeechuun
dhufaatti guyyaa ayyaana irreechaa galateefacha ‘’gabiisayoo woo… woo!sonee
robee lafa gabiisse’’waan waaqayyoo kanaan dura isanni rawwaate galaatefacha ta’aa
ka’aa deemun waaqa isaniitti saggaadu arsaa yookinii gubaa galchu.
 Manguddoon oromoo sirna faloo rawwaachuf sorammaa(qabeenya) waaqin isanni
keene keessa guyyaa ayyaana irreechaa hoola dalaacha fi daani dhufuun ‘’nama
sa’aa ,karraa jayinaa,watii matii ,Alaa mana nufii tooli tooli nu toolchii ‘’jeechun
hoolicha qaluun dhigaa lafa buusun kana falaatan ta’u raga walitti qabamee ni
agarsiisa.

4.Kaayyoowwan qorannoon kun qabatee ka’e keessaa inni arfafa ‘’Ardalee fi Meeshaaleen
ulfoo sirna kabaja ayyaana Irreechaa Malkaa Kataaraa’’ irratti hirmaattotaan fayyadaman
tarreessuu

4.1.Ardalee ulfoo sirna irreeffannaa itti rawwaataman kaneena akka malkaa, tulluu fi muka
odaa iddolee sirna kabaja ayyaana irreechaa ta’u ragaaleen argaane boqonnaa afur keessatti
bali’anaan ibsa.

 malkaan iddoo ulfoo madda jireenya hundaa fi iddoo madda namni itti uumameefi
haadhaafi abbaa mana argate waan ta’eef iddoo safeeffana akka ta’ee ragaan ni
agarsiissa.
 Tulluun dirree ulfoo Oromon itti Waaqa kadhatu keessa takka. Tulluun bineessi
hamaan, diinnifi dukkanni yoo dhufe iddoo itti baqaatan. Oromoon durii diina hamaan
dhufee jennaan tulluu baasaa jedhamutti akka jalaa bahan af-seenaa irraa
nidhagahama; yeroo ammaa Oromoon kanaaf tullutti irreefachuun waaqayyo kadhatu.
waaqayyo tulluu dirree biro irraa adda taasisee ol kaase uume. kanaaf Oromoonni lafa
addaa tana irrati walgahanii roobni akka roobuf itti irreefachuun waaqa kan kadhatu
ta’u ragaan argaane ni agarsiisa.

78
 Odaan akka muka ulfoodha.ykn muka ulfina guddaa qabuudha. Odaan muka bifa
adda ta’een aannan qabu, Kanaaf; odaan ulfina argate gama tokkon immoo gaadisni
odaa haaluma umrii isaan kana uummata hedduu of jalatti hammachuun gaadisa
bal’aa fi Odaan galma irreechaa fi Waaqeffannaa kan jila gadaa jalatti gaggeefamuuf
hambaa seenaa Oromoo akka ta’e raga walittii qabamee ni ibsa. .
 Odaan muka gannaa bona laalisee jiraatufi eebbifama yoo ta’u, Odaan waggota
dhibba shaniin duraa eegalee muka seerri. heerri gadaa Oromoo jalatti tumamuu fi
gaadisa yaa’ii gadaa Oromoo tajaajilaa turee fi ammas ya’iin jalatti gaggefaman
waan ta’eef Odaan Oromoo biratti muka kabajaa fi ulfoo akka ta’e ragaan ni
Addeessa.

4.2.Meeshaalee Ulfoo. Sirna kabaaja Ayyaana irreechaa irratti hirmaatton fayyadaman ulfaa
ummanni Oromoo Safeeffatu hedduu yoo ta’an isaan keessaa Bokkuu, kallacha, Caaccuu,
Siinqee, marga coqoorsa fi alangeen isaan muraasa irreechaa malkaa irratti hirmatoon
qabatanii argaaman ta’u ragaan argaane ni addeessa.

 Bokkuun inni jalqabaa Waaqaa kan bu’ee fi mallatoo aangoo,tokkummaa dhiiraa fi


dubartii agarsiisa, Kallachaa fi Caaccuun immoo bakka dhiraa fi dubaarti bu’uun ibsa
meeshaaleen ulfoon kun Waaqaa irraa kan bu’an ta’u ragaan argaane ni ibsa.
 Siinqee yoo ibsu Siinqeen ulee qalloo furdinni ishee mataa hanga miilaa walqixa
taatte fi Siinqeen mallatoo wayyoomaa haati intalli ishee gaafa heerumtu
kennituufidha. Siinqee dubartii qofatu qabata. Siinqeen furdin ishee mataa hanga
miilaa tokko ta’uufi sirrii(qajjeeltu) ta’uun ishee mallatoo seerra dhugaa eeganii
deemuu mallattoo haqummaatti. Siinqee loon hin rukutan guyyaa sirnaa malee guyyaa
mara kan hin qabatamne ta’u ragaan funaaname ni addaaeessa.
 Kallachi tajaajila uummata Oromootiif Waaqa tokkoof Waqaa kan bu’ee fi mallattoo
araarati jedhame akka amanu, Kallachi mallattoo gootummaa, hayyoominaa,
Walabummaa, lubummaa fi aangoo.” Akka ta’ee ragaan sassabame ni agarsiisa.
 Caaccuun qaama hormaata dubartii kan fakkatu eleella fi goggaa Roobii irraa kan
hojjetamuu fi miila jalaan bilbila Nahasaa irraa hojetame qaba. Qaalluu
(Ayyaantuutu) guyyaa ayyaana amantii yookinii Irreechaa malkaa gateettii bitaa irratti
kan uffataniifi mallattoo latiinsaa fi badhaadhinaati. Caaccun meshaa amantaatii
dheerinni isaa faana shanii fi uffaata bal’aa qabuu yoo ta’u caaccuu kan batu dubartii
ta’u raga argaane ni ibsa.

79
 Margi ummata Oromoo biratti idoo olaanaa qaba. Jiruufi jereenya keessatti Oromoo
bakka marga dhiima itti hin baane hin jiru. Araara Waaqaa hanga dhimmoota
dhuunfaa namoota jiduu jiruutti marga qabatee raawwata. Waaqeeffannaaf Irreechi
marga, gaa’eela irrattilee Soddaan warra Soddaa margaan harka fuudha, Dur-
namoota qoricha aadaa namaaf kennan Urjaa ( irreecha) marga kennuuf, yeroo
ammaas namoonni marga fi maallaqa urjaa (irreecha) jechuun kennu, Oromoon
adaraa /amaanaa/ yoo walitti dhaamu cimsuu marga kutee harka kaaya kana irraa kan
ka’ee Oromoon margaf bakka guda akka qabu ragaan walitti qabamee ni agarsiisa.

5.Kaayyoowwan qorannoon kun qabatee ka’e keessaa inni shanaffaanSirnoon kabaja ayyaana
irreechaa malkaa kataaraa irratti rawwaataman hedu kan jiraan yoo ta’u isaan keessa kaneen
akka sirna uufana aadaa, sirna irreeffannaa ,sirna moggaasa maqaa, sirna dhibaayyuu, sirna
faaloo ,sirna araaraa fi sirna dhiibde hikkachu akka ta’e ragaan argaane boqonnaa afuur
keessatti bal’inaan agarsiisa.

 ‘’Sirni irreeffannaa’’ kabaaja Ayyaana Irreechaa irratti hirmaatan hundii marga fi


daraaraa birraa qabachuun bishaaniiti marga cubbuun (tuquun) bita, mirgaatti
facaassun sirnii rawwaatamu irreeffannaa akka ta’e ragaan jirru ni agarsiissa.
 Sirni moggaasa maqaa guyyaa ayyaana irreechaa malkaa rawwaatamu keessa isaa
tokko yoo ta’u,kun immoo kan rawwaatamu obboon gadaa sirna irreeffannaa irratti
hirmaataniin kan rawwaatamu yoo ta’u abbaan gadaa haala yeroo bari sun itti jiru fi
muddaano bari sun qabu ilaalun da’imaan bara kana keessa dhalaatanti maqaa basuu
akka ta’e ragaan argaame ni ibsaa.
 Oromoon sirna dhibdewwaan jiruu fi jireenya keessatti isaa mudataan itti hiiku kan
mataa isaa qaba.dhibdewwaan yoo jeenu dhibdeleen karaa gurgudoo lamaan
muddachu danda’a ;- dhibdee karaa umamaatin namoota muddaatani fi dhibdee
namaan beekan ta’ee osoo hin beekne namaa mudaatan yoo ta’u dhibdelee uumamaan
nama muddaatan jeedhamaan keessa muraassa yoo tuqnu kaneen akka dhalaa dhabuu
,midhawwaan qamaan gutuu ta’anni dhalaachu dhabbuu ,midhaa Robaa fi Caama
keessa (Angaassu waqaan ,Hoongee), dhibeewan adda addaa fi kkf .dhibdewwaan
karaa namaan muddachuu danda’aan kaneen akka ajeecha lubuu ,midhaa qamaa ,balla
Abiida ,koonkolaata , fudhaa fi heeruma karaa malee ,safuu fi Duudhaa cabsu fi kkf
kaneen muraassa .oromoon dhibdelee karaa isaa mudatee ittiin hiiku toofta ,seera fi
duudhaa mataa isaa danda’ee kan qabu yoo ta’u dhibdeleen kun lamaanu malkaatti

80
bahaani dhifaama waaqaa uumaa kadhachuun dhibdeen hin hikaane akka hin jire
ragaan walitti qabamee ni agarsiissa .

5.2.Argannoo
Walumaa galatti sakkata’a ayyaana irreechaa Godiina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo
Malkaa Kataaraa jedhu kun gaafilee bu’uuraa deebsuuf qabatee ka’eefi yaada cuunfaa
armaan olii irraa ka’uun yaadoleen armaan gadii mul’atanii jiru.

 dhiibbaa gama amaanti alaa dhufee fi yeroo ammaa immoo ‘’ilaalcha hamayyuuma’’
jeedhun amaantaa Oromoo ganaama gadii dhissuun safuu fi duudhaa fuudhaa fi
heeruma,Aadaa, jiruu fi jireenya keessati Oromoota biratti bada waan jiruuf
Oromoon kamu amaanta ganaama isaani gatuun amaanta alaggaati madaquu fi
fudhaachun eenyuuma ofii gadii dhisuu isaa bira gahamee jira.
 Irreefanaan ardalee fi malkaalee irratti rawaataman duudhaa fi uummata Oromoo
hangafaafi quxuusuuf qabu sadarkaa goggeessa gadaatti akka jiru,sadarkaa
hawaasaatti duraa duubummaa umriitiin manguddoo /jaarsi arrii/ safuu akka qabu,
sadarkaa gosaatti safuun gosa hangafaa akka eegamu, kunis, sadarkaa maatitti
hagafaafi quxusuun safuu mataa isaanii akka qaban qorannoo kanaan bira gahamee
jira.
 Ayyaanaa Irreechaa malkaa irratti qoonii qamolee hawaasa adda addaa safuu fi
duudhaa eegate kan rawwaatamu yoo ta’u manguddoon Eebaan malkaa
saquu,namoota walitti mufaatan araarsuu fi abbooti gadaa ciina dhabbaachu yoo ta’u
dubartoon immoo abbooti gadaa ciina dhabbaachu fi sinootaIrreechaa irratti wantoota
akkadhibayyuudhibafachuu dargaggoon immoo qaama naggeenya ta’uun naggeenya
sirnichaa eegu akka ta’e qorannoo kanaan hubatamee jira.
 Ardalee fi meeshaalee ulfoon sirna Irreechaa itti rawwaatamu fi ittiin rawwaatamu
kaneen akkaMalkaa,Tulluu,fiOdaa ardalee ulfoo Irreefama ta’u fi
Bokkuu,Kallacha,Caaccuu,Marga,Siinqee fi Alangee immoo meeshaalee ulfoo yeroo
ayyaanaa irreechaa dhiyyaatani yoo ta’u ‘’Marga’’ malee irreechaa irreefachuun akka
hin danda’amne qorannoo kanaan irraa ga’amee jira.
 Ayyaani Irreechaa uummaata Oromoo biratti sirna safuu fi duudhaa naggeenya,
araaraa, jaalala, tokkummaa fi waaqeffannaa waaqa tokkichaa ta’u qorannoo kanaan
bira gahamee jira.

81
 Sirnoon ayyaanaa Irreechaa irratti rawwaataman kaneen akka sirna ufaata,
Irreefana,mogaasa maqaa,dhibayyuu fi dhibdee hiiku kaneen adda duruuman
rawwaataman ta’u qorannoo kanaan bira gahamee jira.

5.2.Yaboo
Yaadota armaan olitti dhiyaatan ka’uumsa taasifachuun haala itti fufiinsa qabuun sirna
waaqeffaana hawasichaa eeguun dhaloota dhufuuf dabarsuun nidanda’ama. Kunis:

 Irreechii sirna waaqeffaana orommoo yoo ta’u irreechii uummaata oromootiif irree
tokkummaa ,miira nageenya , jaalalaa fi dhifaama yookinii ofkaaltii safuu fi duudhaa
isaa gannaama eggee akka dhaloota dhalootatti darbuuf abbaan sirnichaa uummaan
oromoo dhaalloonni duubaa dhufu akka baruuf, dagaagee guddina biyyaatii fi
hawaassummatiif akka oolu, Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa, dhaabbilee
sabqunamtii ,barressitoon fi artistoonni osoo irratti hojjetani bay’ee gaarii ta’a.
 Dhiibbaa uummata Oromoo irra gahaa tureen sirni waaqeffana ,aadaa fi duudhaan
uummata Oromoo guddina biyyaafi hawaasaatiif hamma gumaachu qabu hin
gumaachinne.Kana malees, duudhaafi aadaan bu‟aa hedduu biyyaaf buusuu danda‟an
akka qucaaran taasifamee ture. Kanaaf, dhaloonni duubaa dhufu falasamaa fi
beekumsa Oromoo duudhaa ganamaa irreechaa malkaa sirna waaqeffaana isaa
gannaama dura ta’u beeke irratti hirmaachu fi kunuunsun guddina dinaagdee, siyaasaa
fi hawasummaatiif akka oolchu dhaabbanni sabqunnamtii, biiroon Aadaa fi Turizimii
fi dhaabbileen siyaasaa osoo irratti hojjetanii bu’a qabeessa ta’a.
 Ardalee fi Meeshaalee Ulfoo uummanni Oromoo qabu hanbalee seena hawaasichaa
bilchinaan caalaqisiissani fi eenyummaa uummaata agarsiisa. Kanaaf raga hanbalee
seena uummaaticha ibsaan keenen yeroo ammaa dhibbaa ilaalcha adda addaa fi
Amaanti adda addaatin irraa gahee fi gahuu danda’u akka hingeenye fi kunuunsi
qaama siiyasaa ,mootummaa fi abbaan hanbichaa uummaan oromoo, Abbotiin Gadaa,
abbootiin amantii, Artistoon fi barreesitoon osoo irratti hojetanii bu’aa olaanaa qaba.
 Walumaagalatti Irreechii Malkaa Kataaraa sirna waaqeffana waaqa tokko soona fi
sinboo mataa isaa kan qabu waan ta’eef Karralee dhibdewwaan dhalaa nama
qunamaan itti hikaatanii fi waligaltee fi waliin jireenya dhalii nama waliif gochuu
qabu kan ofii keessa qabu waan ta’eef dhabileen sivikii ,dhabileen qaama seerota fi
sirna barnootaa keessa osoo galee baratamee dhaloota safuufi safeeffanna qabu
horachuu fi akkaata dhibdeele hawaasa qunamaan itti fuurachu danda’aan waan

82
ofkeessa qabuuf bu’aa olaanaa qaba. Kanaaf, Biiroon Barnoota Oromiyaafi
dhaabbileen barnoota olaanoo osoo irratti hojjetanii biyyaaf bu’aa olaa buusuu
danda’a.

83
Wabiilee
Addunyaa, W. (2013, December 10). http://waaqeffannaa.org/duudhaa-amantiiwaaqeffannaa

Alamuu Yaadessaa.(2012). Duukaa Oromoo Jildii 1ffaa: Finfinnee.

Bell, C. (1992). Ritual Theory: Ritual practice. London: Oxford University Press.

Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa. (2006). Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa.

____________.(2007). Sirna Gadaa; Siyaasaa Oromoo

Damissee, B. T. (2008). Qaaccessaa Safuu fi Safeeffannaa Uummata Oromoo Godina Arsiifi


Gujii: Xiyyeeffanaa Aanaa Heexosaafi Ardaa Me'ee. Waraqaa Qorannoo digrii Lammaffaa,
Yunivarsiitii Finfinnee Dhaabbata Qorannoo Digrii Duraatii Booddee, Afaan Oromoo,
Ogbarruufi Fookiloorii, Finfinnee.

Damissee, D. (2012). Ilaalcha Oromoo. Finfinnee: Mana Maxxansaa Finfinnee.

Dassaalany, D. (2002). Bu'uura Qorannoo. Finfinnee: Dhaabbata Maxxanss Boolee.

David, K. (1988). Ritual, Politics and Power. New Haven. London: Yale university press.

Diribii Damisee. (2012). Ilaalcha Oromoo. Finfinnee: Mana Maxansaa Finfinnee.

____________. (2015). Seenaa Eenyummaa Oromoo.Finfinee: ELLENI P. P. PLC.

Eller, J. D. (2007). Introducing Anthropology of Religion (First ed.). Londo & Newyork:
Routledge Taylor & Fronics Group.

Firaa’ol Taammiruu. (2012). Safuu Oromoo. Subi printing Press: Finfinnee.

Ferraro. (1998, October). The representation of women in political cartoons of the 1995
world conference on women. Women's Studies International Forum, 21(5), 539-547.

Gammachuu Magarsaa. (2003). The Oromo World View, Jornal of Oromo Studies.

84
Volume 12. Number 1&2 (July), 68-79.

Geertz, C. (1966). Religion as Cultural System, in Anthropological Approaches to the Study


of religion. In M. Banton (Ed.). Newyork.

Gerbi, W. J. (2018, November 1). Theorizing Namummaa: Oromo relational philosophy


(Oromos’ Gift to the World). African Journal of History and Culture, 10(7), 77-97.

Gurmessaa, F. (2015). Religious and Cultural Identity of the Second Generation Oromo in
Norway. M.A Thesis , Oslo.

Haile, A. (2014). The Gada System of the Tulama Oromo. Finfine.

Haviland, W. A. (2007). Cutural Anthropology the human challenge (13 ed.). Wadsworth,
United States of America: Cengage Learning Center.

Hinseene makuriya.(2013). Galmee Jechoota Afaan Ingilizii-Oromoo-Amaaraa.

Finfinnee.

Heweitt, J. (2002). Self and Society (Vol. 9). Allyn and Bacon.

Hundeessaa, C. (2014, December 14). Ayyaanii Irreechaa duudhaalee Oromoo keessaa tokko.
Retrieved from Safuu, duudhaafi aadaa Oromoo leellifamuu qabu.

Jackson, C. (1993). Environmentalism and Gender Interests in the Third World.Development


and Changes, 24: (Vol. 24).

Jalata, A. (2012, March). Gadaa (Oromo Democracy): An Example of Classical African


Civilization. The Journal of Pan African Studies, 5(1), 126-152.

Jemjem Udessa. (2014). The Guji Gadaa: A Blue Print for Democracy and Distinctive Socio-
Cultural Caracterstics of Gujii Oromo. tive Socio- Cultural Caracterstics of Gujii Oromo.
RELA P.P: Washington DC, USA

Kottak, C. P. (2000). Cultural Anthropology: Appreciating Cultural Diversity. 2010:


McgrawHill.

85
Lambart, B. (1983). The Oromo Religion, Myths and Rites of the Western Oromo of
Ethiopia: An Attempt to Understand . Berlin: Dietrich Reimer Verlag.

Legesse, A. (1973). Gada: Three Approaches to the Study of African Society. London: The
Free Press, Collier-Macmillan Publishing Comp. C. Inc.

Magarsaa, G. (2003, July). The Oromo World View. Journal of Oromo Syudies, 12(1 and 2),
68-79.

Malinowski, B. K. (1948). Magic, Science and Religion. Yale University: Martino


publishing. Retrieved February 16, 2015

Megersa, G. (1998). The Oromo World View. First Interdisciplinary Semenar of the Institute
of Ethiopian Studies, held in Nazareth from June 6-7 compiled by the Research and
Publications Committee of the IES . Addis Ababa: IES.

Melba, G. (1998). Oromia: An Introduction. Khartoum, Sudan.

Negasa, B. (2011). The Irreecha Ritual ; Its Significance and Values Among the Oromo
People. The Case of Bishoftu and Surrounding. M.A Thesis, Addis Ababa.

OCTB. (2016 ). Irreechaa, The Leaflet prepared by OCTB on the Irreechaa Ritual held in
2016.

Qalbeessaa, W. (2001). Traditional Oromo Attitudes Environment: An Argument for


Environmentally Sound Development. Addis Ababa: Commercial Printing Press.

Qashu, L. (2016). Toward an Understanding of Justice, Belief, and Women‘s Rights: Ateetee,
an Arsi Oromo Women‘s Sung Dispute Resolution Process in Ethiopia. Memorial University
of Newfoundland, St. John‗s, Newfoundland. St. John New found land.

Rappaport, R. A. (1999). Ritual and Religion in making of humanity. Cambridge University


Press.

Rebuma, T. (2019). The Cultural Significance of Irreechaa at Malkaa Ateetee. M.A Thesis,
Addis Ababa University department of Social Anthropology, Social Anthropology, Addis
Ababa.

Regassa, A. (2013). Irreecha: From Thanksgiving Ritual to Strong Symbol of Oromo Identity
.

86
Rossano, M. J. (2012). norms, The essential role of ritual in the transmission and
reinforcement of social. Psychological Bulletin, 138(3), pp. 529–549. Retrieved from
https://doi.org/10.1037/a0027038

Turner, W. V. (1967). The Forest of Symbols: Aspects of Ndembu Ritual. Cornell. Cornell
University press.

waajjira Aadaafi Turizimii godina Arsii :(2020) .

waajjira Aadaafi Turizimii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo:(2020)

Waajira Bulchiinsa Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo : (2020)

Warkineh Qalbeessaa. (2001). Trditional Oromoo attituds the Envaronment: An argument fo


Environmentally Sound Devlopment. OSSRE Social Science Research Report. Series, No19.
Addis Ababa: Commercial Pirnting Enterprise.

______ (2005). “The Utility Ethical Dialogue for marginalized Voices of Africa.”Institute for
invironment and developmenta, Addis Ababa University.

https :// WWW. bound less.com. htt://www.aivniv.edu. https://WWW.Siitubue.com/ obs-


_qee-oromo-irrecha-tullu www.sstuube.com

WWW.chegg.com/homewor-help/defination/norms-eg.

WWW-Simpliy Schology. Org> social Pschology. Org> Social psychol

87
Dabalee –A
Namoota Af-gaafii Waliin gaggeefame godina Arsii Aanaa Lemmuu fi Bilbilootti raawatame.

Guyaagaafiifi
deebi gaggeefame

T/L Maqaa Hirmaataa Saala umrii Teessoo

1 Gutaama Naggeesso Dhi 56 13/12/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

2 Badhushee Fayisaa Dhi 62 14/12/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

3 Abdurqadiir Sukarree Dhi 70 29/3/2013 Lemmuu fi Bilbiloo

4 Bar/sa Balchaa Dhi 64 13/12/2020 Lemmuu fi Bilbiloo


Mi’echaa

5 Galattoo H/Hindheessa Dhi 60 16/11/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

6 Dadhii Eerbaa Dhi 85 14/12/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

7 Shawayyee Magarsaa Dub 67 20/11/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

8 Daraartu Alammuu Dub 51 20/11/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

9 Dirbee Jammaa Dub 66 20/12/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

10 Makko H/Bunu Du 58 10/12/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

11 Bultoo Dabaalee Dhi 58 24/10/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

12 Dame Manzaa Dub 73 19/12/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

1
13 Sa’iid Waaqayyoo Dhi 90 12/12/2020 Lemmuu fi Bilbiloo

14 Sorii Birri dhi 86 12/12/2020 Leemmuu fi Bilbiloo

15 Bantaa Turree dhi 58 23/10/2020 Leemmuu fi Bilbiloo

16 Naggaasaa Ariitii dhi 74 Leemmuu fi Bilbiloo

17 Galatoo H/Hindheessa dhi 68 16/11/2020 Leemmuu fi Bilbiloo

18 Gariisa Kadiir dhi 52 21/10/2020 Leemmuu fi Bilbiloo

19 Midhaqsaa Daggaffaa dhi 63 19/11/2020 Leemmuu fi Bilbiloo

Dabalee B
Namoota marii gaaree irratti hirmaatan (Godina Arsii Aanaa Leemmuu fi Bilbilootti Raawwate.)

T/L Maqaa hirmaata Saala Umrii Guyaa marii Teessoo

1 Diriiba Gadaa Dhi 70 14/11/2020 Leemmuu fi Bilbiloo

2 Beenyaa Adduuna Dhi 50 14/11/2020 Leemmuu fi Bilbiloo

3 Badhaadha Birri Dhi 53 14/11/2020 Leemmuu fi Bilbiloo

4 Waqoo Tufaa Dhi 50 14/11/2020 Leemmuu fi Bilbiloo

5 Washoo Gammaada Dub 62 14/11/2020 Leemmuu fi Bilbiloo

2
Dabalee C

Gaafileen qajelchituu afi-gaafii od-kennitootaaf dhiyaateef.

1 .Ayyaanii Irreechaa malkaa Oromoo biratti maal?

2. Duudhaa fi Safuun irreechii ofii keessa qabu uumata Oromoo biratti akkamittii laalam?
hangafaa biratti?, yaa’ii malkaa keessatti.

3. Ardaalee fi meeshaalee ulfoo uummanni Oromoo safeeffataman isaan kami?

4. Gaheen manguddoon,dubartoon fi dargaggoon kabaja ayyaana irreechaa irratti qaban


maali ?

5. Dhiiban kabaja ayyaana irreechaa irratti mul’atu maali irraa madda?

6. Sirnoon kabaja ayyaana irreechaa irratti rawataaman maali ?

3
Dabalee D
Gaafileen qajelchituu marii gareetiif dhiyaatan.

1. Ayyaanii Irreechaa malkaa yeroo kaami kabajama ?


2. Duudhaa fi Safuu irreechii malkaa ofii keessa qabu uummata Oromoo maali?
3. Ayyaana irreechaa iddo duritti deebisuuf gaheen manguddoon,dubartoon fi
dargaggoonmaali ta’u qaba?
4. Irreechaa dhiiba ayyaanota biro irraan gahu qaba?
5. Sirnoon kabaja ayyaana irreechaa irratti rawataaman maalif rawwaatamu?

4
Dabalee E
Suraa adda addaa qoranoo irratti fudhataman.

Suuraa qorattaan af-gaaffii manguddoo Abduurqadiir Sukarree fi bar/sa Balchaa Mi’echaa


wajjiin () fudhaatame

5
Suuraa walitti dhufeenya abbootin gadaa ,Hadhaa siinqee fi qeerroon wajjiin wajjiiri Aadaa fi
Turiziimii qabu mul’isu(maddi wajjiira Aadaa fi Turiziimii Aanaa Leemmuu fi Bilbiloo)

6
Suuraa qorattaan sirmaa irreechaa malkaa kataaraa irratti (06/09/2020) fudhaate

7
Suuraa qorattaan sirna irreechaa malkaa kataara irratti gahe dubartoota(06/09/2020)
ibsu fudhaate

8
Suuraa Dargaggoota kabaja ayyaana irreechaa malkaa kataaraa irratti (06/09/2020)fudhatame

9
Suuraa qorattaan irreechaa malkaa kataaraa sirnii irreefana tasiifamu irratti (06/09/2020)
fudhaate

10
11
Suuraa qorattaan haala ufaana fi gahe dargaggooni irreecha malkaa kataaraa irratti
(6/9/2020)qaban agarsiisu

12
Suuraa qorattaan malkaa irreechaa kataaraa irratti(06/09/2020) yeroo sirnii lallaaba
tasiifamu fudhaate

13
DURA TAA’AA MUUMME YOOKAAN QINDEESSAA KOREE EEBBA WARAQAA
MIRKANEEFANNAA

An qorataan maqaa fi mallaattoon koo armaan gaditti eerame qorannoon kun hojii koo ta’uu
isaaf kanaan dursa yuunvarsitii kamiiyyu keessatti qorannoo eebbaaf hindhiyaatiin ta’uu isaa fi
wabiilee haala seera qabeessa ta’een fudhee wabii keessat kaa’uu koo nan mirkaneessa.

Maqaa ________________________________

Mallattoo______________________________

Guyyaa ________________________________

Waraqaa qorannoo isaa haala seera qorannoo eegeen qopheessuu isaa fi mummeef galchuu akka
danda’u ani gorsaan mallatto kootiin nan mirkaneessa.

Maqaa _________________________________

Mallattoo________________________________

Guyyaa _________________________________

14

You might also like