You are on page 1of 48

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSA GOWWUMMAA GODINA QELLEM

WALLAGGAA AANAA HAWWAA GALAAN

QORATTOONNI:-

1. NAGAASAA RUNDEE WARQINAA

2. NAGAASAA DhUFEERAA KOORSAA

3. NAGAASHEE GADAAMUU BIRHAANEE

4.MADAKSEE IMMIRUU TOLAA

5. TAKKAA ASAFFAA GAMMACHUU

WARAQAA QORANNOO ULAAGAA DIGIRII JALQABAA MUUMMEE AFAAN


OROMOOFI OGBARRUUTIIN GUUTTACHUUF QOPHAA’E

YUUNIVARSIITII DAMBI DOOLLOO KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAAFI

NAMUMMAATTI, MUUMMEE AFAAN OROMOOFI OGBARRUUTIIF KAN


DHIHAATU

GORSAA MUUMMEE: B/SAA KAASAHUUN ADDUNYAA (MA)

HAGAYYA, 2015
DAMBI DOOLLOO,
ITOOPHIYAA

YUUNIVARSIITII DAMBI DOOLLOO KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAAFI


NAMUMMAATTI, MUUMMEE AFAAN OROMOOFI OGBARRUU

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSA GOWWUMMAA GODINA QELLEM


WALLAGGAA AANAA HAWWAA GALAAN

QORATTOONNI:-

1. NAGAASAA RUNDEE WARQINAA

2. NAGAASAA DhUFEERAA KOORSAA

3. NAGAASHEE GADAAMUU BIRHAANEE

4. MADAKSEE IMMIRUU TOLAA

5. TAKKAA ASAFFAA GAMMACHUU

GORSAA MUUMMEE: B/SAA KAASAHUUN ADDUNYAA (MA)


HAGAYYA, 2015

DAMBI DOOLLOO, ITOOPHIYAA

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSA GOWWUMMAA GODINA QELLEM


WALLAGGAA AANAA HAWWAA GALAAN

WARAQAA QORANNOO ULAAGAA DIGIRII JALQABAA AFAAN


OROMOOFI OGBARRUUTIIN GUUTTACHUUF QOPHAA’EE
YUUNIVARSIITII DAMBI DOOLLOO KOLLEEJJII SAAYINSII
HAWAASAAFI NAMUMMAATTI, MUUMMEE AFAAN OROMOOFI
OGBARRUUTIIF DHIHAATE.

Maqaafi mallattoolee koree mirkaneessituu qorannichaa

Maqaa Mallattoo Guyyaa

1. Qoraa _______________________ ________ _______

2. Gorsaa _______________________ _________ _______

Yaadaafi mallattoo itti gaafatamaa muummee/ koree qorannoo


Galata
Hunda dura isa carraa kana nuu kennuun gargaarsa isaatiin sadarkaa kanaan nu gahe waaqayyoof
galanni guddaan haa ta'u. Itti aansuun qorannoon kun bifa bareedaa kana akka qabaatuuf
jalqabasaatii kaasee hanga dhumasaatti mufannaa tokko malee amalaafi itti deddeebii keenya
danda’anii gorsa barbaachisaafi jajjabina nuuf kennuun kan nu waliin dadhabaa turan gorsaa
keenya barsiisaa Kaasahuun Addunyaa (MA) baay’ee baay’ee galatoomaa jennaan.

Dabalataan barnoota keenya sadarkaa digirii jalqabaa xumuruuf qorannoon kun baay’ee
barbaachisaa ta’uu isaa nu hubachiisuun deggersa dabalataafi gorsa bu’a qabeessa kan nuuf
kennaa turan Yuunivarsiitii Dambi Doollootti itti gaafatamaa muummee afaanii kan ta’an
barsiisaa Mulgeetaa Teendaan (MA) galatoomaa jenna.

Dabalataan namoota hojii qorannoo kanaa barreessuuf kompiyuutaraan tumsa nuuf taasisan
Dirribaa Tarfaafi Haannaa Yooseefiin galatoomaa, ogummaafi qabeenya keessaniin hafaa
jennaan. Maatiiwwaniifi hiriyoota keenya beekumsa qban nuuf qoodaa turan, akkasumas
hojjettoota mana dubbisa kitaabaa Yuunivarsiitii Dambi Doolloo kitaabilee hojii qorannichaaf nu
gargaaran nuuf gumaachuun nu gargaaraa turaniin galatoomaa jenna.

Dhumarratti, galma gahiinsa qorannoo kanaatiif namoota odeeffannoo barbaachisaa nuuf kennan
maanguddoota afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannoo dhiheessineef eyyamamoo ta’anii
fudhataniif galanni keenya daangaa hin qabu.

i
Axereeraa
Qorannoon kun Qaaccessa Mammaaksa Gowwummaa Godina Qellem Wallagaa Aanaa
Hawwaa Galaan irratti kan xiyyeeffateedha. Qorannichaaf ka’umsa kan ta’e beekumsaafi
hubannaan, akkasumas itti fayyadamni mammaaksa gowwummaa akka aanaa Hawwaa
Galaanitti sadarkaa akkamiirra akka jiru, yoomessaafi faayidaa mammaaksa gowwummaa adda
baasuun qaaccessuun beeksisuuf yaadameeti. Kaayyoon qorannoo kanaas mammaaksa
gowwummaa qaaccessuun dhalootni itti aanu akka beekuufi itti fayyadamu taasisuufidha.
Qorannicha geggeessuuf mala iddattoo miti-carraa keessaa kaayyeffataafi ibsatti kan dhimma
bahame yoo ta’u, meeshaalee funaansa odeeffannoo keessaa afgaaffiifi mariin garee
xiyyeeffannoo, akkasumas waraabbiin suuraafi viidiyoo hojii irra oolaniiru. Odeeffannoowwan
malleen kanneeniin sassaabaman mala akkamtaatiin qaacceffamaniiru. Akka argannoon
qorannoo kanaan bira gahame ibsutti irra jireessi maanguddoota aanichaa mammaaksa dubbii
isaaniin walsimsiisanii fayyadamuu dadhabuu,mammaaksi gowwummaa bakkaafi yeroon gaafa
ilaalamu yoomessi inni keessatti mammaakamu daangaa kan hin qabneefi haalaan yoo ilaalamu
garuu dhimma garaagaraan walsimsiisuun mammaakamuu danda’uu, faayidaa garaagaraa
qabaachuu, dhaloonni haaraan boodaan dhufu beekumsa gosa afoolaa kana irratti akkaataa
barbaachisaa ta’een argachuu dhabuufi gama Waajjira Aadaafi Tuuriziimiin hojiin afoola
hawaasa aanaa kanaa irratti hubannoo uumuuf hojjetame akka hin jirres bira gahameera. Yaadi
furmaataa argannoo qorannichaa bu’uureffachuun kennamanis maanguddoonni hunduu
muuxannoo horachuun afoola kana dhaloota haaraa barsiisuu, mammaaksa gowwummaa
dhimma mammaakamuufiin walqabsiisuun mammaakuu, Waajjirri aadaafi tuuriziimii gosa
afoola kanaarratti hojii hubannoo uumuu hojjechuu akka qabu, dhimmamtoonni barnootaa
marti adeemsa baruufi barsiisuu keessatti mammaaksa gowwummaatti akkaataa
barbaachisummaasaatiitti fayyadamuu akka qabaniifi kkf’n ibsamaniiru.

ii
Hiika Jechootaa
Baanuu----------------- yaada nama biraa kallattiinis ta’e, alkallattiin qorannoo tokko

hojjechuu keessatti fudhatame.

Sabbu’aawaa------------ gochoota ykn yaadota sababaafi bu’aan wal irratti hirkatan.

Cirracha ------------ dhagaa xixiqqaa galaana keessatti baay’inaan argamu

Cuukkoo ------------ nyaata aadaa Oromoo yeroo dheeraaf turuu danda’u

Dhamaatuu ---------- nama waan bu’aa hin qabne ykn hojii akkasumaanii hojjettu

iii
Jibsoo
Jechoota Hiika Isaanii

Afoola ------------------------ ogafaan

Baanuu ------------------------ jecha/haasaa

Gadaa ------------------------- sirna bulchiinsa Oromoo

Tumsamuu ------------------- gargaaramuu

Fookiloorii(beekumtaa)------- qabeenya garee hawaasaa

Afaa --------------------- waan diinqa yookaan siree irra hafanii irra rafan

Camaduu ---------------- hidhuu

Wallee --------------- weellisaa yookaan nama sirba sirbu

Xabboo ---------------- waan bu’uuraa yookaan jalqabaa

Lufaa ------------------- darbaa

Cooka ------------------ soosisa yookaan jalaa qabbii geerarsaa

Baannata --------------- jajata

Nafa --------------- qaama

Lugna ---------------- dabeessa, sodaataa

Ennaa ---------------- yeroo

Warraaqan ------------ socho’an

iv
Gabaajeefi Kottoonfachiisa
Ykn.--------- yookaan

Wkf--------- waan kana fakkaatu

Kkf---------- kan kana fakkaatan

Lakk.---------- lakkoofsa

Q.Bulaa------- qote bulaa

B/saa ----------- Barsiisaa

v
Baafata
Qabiyyee Fuula
Galata................................................................................................................................................i
Axereeraa........................................................................................................................................ii
Hiika Jechootaa..............................................................................................................................iii
Jibsoo..............................................................................................................................................iv
Gabaajeefi Kottoonfachiisa.............................................................................................................v
BOQONNAA TOKKO: SEENSA..................................................................................................1
1.1.Seenduubee Qorannichaa...........................................................................................................1
1.2.Ka’umsa Qorannichaa...............................................................................................................2
1.3Kaayyoo Qorannichaa................................................................................................................3
1.3.1 Kaayyoo Gooroo.....................................................................................................................3
1.3.2.Kaayyoo Gooree.....................................................................................................................3
1.4.Barbaachisummaa Qorannichaa................................................................................................4
1.5 Daangaa qorannichaa................................................................................................................4
1.6 Hanqina Qorannichaa................................................................................................................4
BOQONNAA LAMA:SAKATTA’A BARRUU........................................................................6
2.1 Fookiloorii..............................................................................................................................6
2.2 Gooroowwan Fookiloorii.......................................................................................................6
2.2.1 Wantaadaa.......................................................................................................................6
2.2.2 Duudhaa Hawaasaa.........................................................................................................6
2.2.3 Artii Sochii Qaamaa Hawaasaa.......................................................................................6
2.2.4 Afoola..............................................................................................................................6
2.2.5 Amaloota Afoolaa...........................................................................................................7
2.2.5.1 Jijjiiramummaa.............................................................................................................7
2.2.5.2 Uummatummaa...........................................................................................................7
2.2.5.3 Lufummaa....................................................................................................................7
2.2.5.4 Hirmaannaa Jamaa.......................................................................................................8
2.2.5.5 Miidhagummaa.............................................................................................................8
2.2.5.6 Yoomessaafi Gochaa....................................................................................................8
2.2.5.7 Qindoomina Qabaachuu...............................................................................................9
2.2.6 Faayidaa Afoolaa.............................................................................................................9
2.2.7 Gosoota Afoolaa..............................................................................................................9

vi
2.2.7.1 Mammaaksa..................................................................................................................9
2.2.8Gosoota Mammaaksaa...................................................................................................10
2.2.8.1 Gosoota Mammaaksaa Caasaa Isaaniitiin..................................................................10
2.2.8.1.1 Mammaaksa Gabaaja’aa..........................................................................................10
2.2.8.1.2 Mammaaksa Jette Jettee..........................................................................................10
2.2.8.1.3 Mammaaksa Hiriyummaa.......................................................................................11
2.2.8.1.4 Mammaaksa Walgita Eeyyessaa.............................................................................11
2.2.8.1.5 Mammaaksa Walgita Faallessaa.............................................................................11
2.2.8.1.6 Mammaaksa Sabbu’awaa Eeyyessaa......................................................................11
2.2.8.1.7 Mammaaksa Sabbu’awaa Faallessaa.......................................................................12
2.2.8.2 Gosoota Mammaaksaa Qabiyyee Isaaniitiin.............................................................12
2.2.8.2.1 Mammaaksa Gaabbii...............................................................................................12
2.2.8.2.2 Mammaaksa Seexessaa...........................................................................................12
2.2.8.2.3 Mammaaksa Oolmaa Dagachuu..............................................................................13
2.2.8.2.4 Mammaaksa Tokkummaa.......................................................................................13
2.2.8.2.5 Mammaaksa Aantumaa...........................................................................................13
2.2.8.2.6 Mammaaksa Gowwummaa.....................................................................................14
2.2.8.3 Faayidaa Mammaaksa Gowwummaa.........................................................................14
BOQONNAA SADII:MALLEEN QORANNOO.................................................................15
3.1 Ibsa Naannoo Qorannichaa..............................................................................................15
3.2 Saxaxa Qorannichaa.........................................................................................................15
3.3 Iddatteessuufi Mala Iddatteessuu.....................................................................................16
3.4 Madda Odeeffannoo.........................................................................................................16
3.5 Meeshaalee Ragaan Ittiin Funaanaman............................................................................16
3.5.1 Afgaaffii........................................................................................................................17
3.5.2 Maree Garee Xiyyeeffannoo.........................................................................................17
3.5.3 Xiinxala Dookumentii...................................................................................................17
3.5.4 Waraabbii Suuraafi Viidiyoo.........................................................................................18
3.6 Mala Qaaccessa Odeeffannoo..........................................................................................18
3.7 Naamusa Qorannoo..........................................................................................................18
BOQONNAA AFUR: DHIHEESSAAFI QAACCESSA ODEEFFANNOO.......................19
4.1 Maalummaa Mammaaksaa...............................................................................................19
4.2 Maalummaa Mammaaksa Gowwummaa.........................................................................19

vii
4.3 Yoomessa Mammaaksa Gowwummaa............................................................................20
4.3.1 Yeroo Dhirsi Gadaantummaa Agarsiisu........................................................................21
4.3.2 Yeroo Namni Waan Of Harkaa Qabutti Fayyadamuu Wal’aalu...................................21
4.3.3 Yeroo Maatiin Naamusaan Ala Ijoollee Guddisan........................................................22
4.3.4 Yeroo Namoonni Qabeenyaa Isaanii Qusachuu Wal’aalan..........................................22
4.3.5 Yeroo Namni Dubbii Ykn Dhimma Tokko Keessa Deddeebi’u...................................22
4.3.6 Yeroo Namni Waan Isa Miidhutti Dhihoo Ta’u..........................................................23
4.3.7 Yeroo Namni Firaafi Diinasaa Adda Baasuu Dadhabu.................................................23
4.3.8 Waan Yeroosaa Hin Taane Yoo Raawwatamu.............................................................23
4.4 Faayidaa Mammaaksa Gowwummaa...............................................................................24
4.4.1 Gorsuuf/Barsiisuuf........................................................................................................24
4.4.2 Qajeelchuuf...................................................................................................................24
4.4.3 Ceepha’uuf....................................................................................................................25
4.4.4 Booree Namatti Horuuf.................................................................................................25
4.4.5 Araaraaf.........................................................................................................................25
4.4.6 Alagaan Akka Nama Miidhu Ibsuuf.............................................................................26
4.5 Mammaaksi Gowwummaa Akka Hin Badneef Waan Ta’uu Qabu.................................26
BOQONNAA SHAN: CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO............................................27
5.1 Cuunfaa............................................................................................................................27
5.2 Argannoo..........................................................................................................................27
5.3 Yaboo (Yaada Furmaataa)................................................................................................28
Wabiilee..................................................................................................................................30
DABALEE A:- AFGAAFFII.................................................................................................31
DABALEE B:- MARII GAREE XIYYEEFFANNOO.........................................................32
DABALEE C:- MAQAA ODEEFKENNITOOTAA............................................................33

viii
ix
BOQONNAA TOKKO: SEENSA
1.1.Seenduubee Qorannichaa
Uummanni Oromoo uummata aadaa, amantii, duudhaafi ilaalcha mataa isaa qabaachuun sirna
bulchiinsa sirna bulchiinsa gadaan of geggeessaa har’a gaheedha. Akkasumas uummanni kun
uummata guddaa gaanfa Afriikaa kan afaan ofii isaa Afaan Oromoon barachaa, waaqeffachaa,
daldalaa har’a gaheedha. Uummanni Oromoo sirna amantaa ofii isaa kan ta’e Waaqeffannaa
hordofa. Akkasumas, qabeenyaa ofii isaa kan garee fookiloorii Oromoo keessatti ramadaman
qabaachuun saba beekamuudha. Fookiloorii(beekumtaa) Oromoo kanneen jedhaman
gooroowwan kanneen akka;- wantaadaa, duudhaa hawaasaa, artii sochii qaamaafi
afoola(ogafaan).

Akka Fileen (2021 f,34), ibsetti fookilooriin jechoota afaan Ingilizii lama kan ‘folk’ fi ‘lore’
jedhaman irraa walitti qincibamee kan moggaafameedha. ‘Folk’ jechuun uummata kan ibsu yoo
ta'u, lore jechuun immoo beekumsadha (wisdom). Yaadrimeen jechoota lamaanii gara Afaan
Oromootti yeroo deebi'an, beekumtaa jedhama. Gama biraan, Fileen (2021 f,35) akka ibsetti
gooroowwan fookiloorii beekumsaafi falaasama hawaasaa, sochii qaamaa, meeshaalee aadaatiifi
afoolatti qoodamaniiru. Akkasumas, Fedhasaan (2019 f,30) gooroowwan beekumtaa afoola,
sochii qaamaa ykn artii hawaasaa, duudhaa hawaasaafi meeshaalee aadaa akka ta'an ibseera.

Gooroowwan kanneen keessaa meeshaan aadaa namoonni meeshaafi xiinsammuu guuttachuuf,


akkasumas dandeettii ogummaa isaanii agarsiisuuf jecha kan hojjetan wantoota ijaan mul'ataniifi
harkaan qaqqabatamuu danda'aniidha. Kana jechuun meeshaan aadaa gooroo fookiloorii kan
gurraan dhagahamu ykn afaaniin dubbatamurra kan ijaan mul'atuufi kan harkaan qaqqabatamu
ta'uu isaati. Fakkeenyaaf, ijaarsa manaa, dallaa, kuusaa midhaanii, hojii harkaa, mimmiidhagsa
meeshaa manaa, tuullaa nyaata horiifi kkf gooroo kana jalatti akka ramadaman Abbabeen ( 2022
f, 1 ) ibseera.

Duudhaan hawaasaa meeshaa aadaatiin baay'ee walitti dhihaata.Garaagarummaan isaanii


duudhaan hawaasaa xiyyeeffannaan isaa gochaafi ogummaa garee ta'uu isaati. Fakkeenyota
duudhaa hawaasaa keessaa muraasni:- cehumsa sadarkaa, waaqeffannaafi amantaalee, qoricha
aadaa, kabaja ayyaanaafi kkfdha.

1
Sochiin qaamaa ykn artiin hawaasaa gooroo fookiloorii sirbaan, walaloofi ogbarruu biroo sochii
qaamaa garaagaraan tumsamuun hawaas-diinagdee, akkasumas siyaasa ibsuuf shoora olaanaa
gumaachuudha.

Gooroowwan fookiloorii keessaa inni arfaffaan afoola jedhama. Innis yeedaloon kennameefii
ykn osoo hin kennaminiif hojii kalaqaa dabalachuun afaaniin himamuun dhalootaa dhalootatti
kan darbuudha. Yaada kana Fedhasaan (2019 f,32), "Afoolli kalaqa sammuu keessatti qindaa'ee
afaaniin himamuudha", jechuun ibseera.

Uummanni Oromoo yeroo durii kaasee afoola gargaaramee eenyummaa isaa beeksisaa, dhuftee
hidda dhalootasaa seenessaa, waa'ee jireenya isaarratti falaasama qabu ibsataa har'a
gaheera.Afoolli Oromoo kunis dameewwan gurguddaa sadii kanneen akka seeneffamoota
afoolaa, afwalaloofi qareeyyiitti akka qoodamu Fedhasaan (2019 f,36) ibseera.

Gooroowwan kanneen keessaa qareeyyiin gosa afoolaa bifa gabaabinaan qindaa'ee sammuu
qaruuf fayyaduudha.Kana jechuun qareeyyiin haala salphaan waan walxaxaa ta'e dabarsuun
sammuun namaa bal'isee akka yaadu godha. Innis dameewwan gurguddaa shan of jalatti
hammata. Isaanis:- mammaaksa, hibboo, ciigoo, jechamaafi arrab-qareeyyii akka ta'an
Fedhasaan (2019 f,76) ibseera.

Gosoota qareeyyii kanneen keessaa mammaaksa irratti xiyyeeffachuun qorannoon kun


hojjetameera. Kunis gama maalummaa, faayidaafi gosa isaaniitiin. Keessattuu adeemsa qorannoo
qorattootaan mammaaksi gowwummaa haalaan qorannoon irratti hojjetamuun qaacceffameera.

1.2.Ka’umsa Qorannichaa
Mammaaksi gooroowwan afoolaa keessaa tokko ta’ee afaaniin dhalootaa dhalootatti kan
darbuudha. Mammaaksi qabiyyee isaatiin gaafa ilaalamu faayidaalee garaagaraa qaba.
Faayidaalee kennu kanaanis qaacceffameera. Dhaamsi mammaaksaan darbu kamuu akkaataa
gurra namaatti toluufi dhageettii gurraaf mi’aawaa ta’een dhihaata.Kanumaafuu “Nyaatni
soogidda hin qabneefi dubbiin mammaaksa hin qabne hin minyaawu” jedhama. Mammaaksi
faayidaawwan hedduu qabaatus, faayidaaleen kunneen qabiyyeewwan mammaaksaa jedhamuun
xiinxalamuu ni danda’u ( Fedhasaa, 2029 f,77), (Addunyaa, 2021 f,189 ). Qorannoo keenyaanis
mammaaksi gowwummaa ni qaacceffameera.

2
Qorannoon kun mata duree "Mammaaksa Gowwummaa Godina Qellem Wallaggaa Aanaa
Hawwaa Galaan Qaaccessuu", irratti kan hojjetameedha. Sababiin qorannichi qaaccessa
mammaaksa gowwummaa irratti hojjetameef inni jalqabaa hanga nuti beeknutti qorannoon mata
duree kana irratti hojjetame dhibuudha. Dabalataan qorannoowwan mata duree kana fakkaatu
irratti kanaan dura hojjetaman mammaaksa gowwummaa sirriitti qaaccessuu irratti hanqina waan
qabaniifidha. Fakkeenyaaf, qorannoo Gammachuun mata duree "Qaaccessa Gahee Mammaaksa
Gowwummaa Misooma Keessatti Qabu Kan Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo
Qeebbee," irratti sadarkaa BA Afaan Oromoofi Ogbarruutiin guuttachuuf hojjeteera.
Xiyyeeffannoon qorannoo isaas gahee mammaaksi gowwummaa gama misoomaan qabu qofa
qaaccessuudha. Haa ta'u malee, gahee inni gama dhimmoota garaagaraan qabu qaaccessanii
olkaa'uun dhaloota barsiisuufi akka itti fayyadamu taasisuun barbaachisaadha. Kanaaf qorannoo
keenyaan mammaaksi gowwummaa dhimmoota hawaasummaa garaagaraa xiyyeeffannaa keessa
galchuun akka dhalooti beekuufi wal barsiisuun itti fayyadamu danda'utti qaacceffameera. Kana
malees,Naatinaa'el mata duree, "Sakatta'a Mammaaksa Gowwummaa Godina Wallaggaa Lixaa
Aanaa Noolee Kaabbaa," irratti sadarkaa BA Afaan Oromoofi Ogbarruun guuttachuuf hojjeteera.
Daani’eelis mata duree,“ Qaaccessa Mammaaksa Abshaalummaa Godina Qellem Wallaggaa
Aanaa Gawoo Qeebbee,” irratti hojjeteera. Qorannoon namoota kanaa walduraa duubaan
mammaaksa gowwummaa sakatta’anii dhiheessuufi mammaaksa abshaalummaa ykn
gamnummaa agarsiisan qaaccessuu irratti xiyyeeffachuun hojjetaman. Qorannoon keenya kun
immoo mammaaksa gowwummaa qaaccessuu irratti xiyyeeffachuun hojjetameera.

Qorannoo keenya kanas dhalootni aadaa isaa akka faanu taasisuuf mammaaksa gowwummaa
qaaccessuu irratti geggeessineerra. Akkasumas, beekumsa xabboo Oromoo gama afoolaan badaa
jiruuf wantoota sababa ta'an adda baasuun irratti hojjechuuf qorannoon kun hojjetameera.
Qorannoo kanaanis gaaffileen bu’uuraa armaan gadii deebii argataniiru.

Isaanis:

 Mammaaksi gowwwummaa maali?


 Mammaaksi gowwummaa yeroo akkamii mammaakama?
 Itti fayyadamni mammaakas gowwummaa yeroo ammaa sadarkaa maalirra jira?
 Mammaaksi gowwummaa adeemsa baruuf barsiisuu keessatti faayidaa maalii qaba?
 Mammaaksa gowwummaa dhaloota barsiisuuf hojii akkamiitu hojjetamuu qaba?

3
1.3Kaayyoo Qorannichaa
Qorannoon kun kaayyoo gooroofi kaayyoo gooree qaba.

1.3.1 Kaayyoo Gooroo


Kaayyoo gooroon qorannoo kanaas qabiyyee mammaaksa gowwummaa Godina Qellem
Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan qaaccessuudha.

1.3.2.Kaayyoo Gooree
Kaayyoleen gooree qorannoo kanaas kanneen armaan gaditti tarreeffamaniidha.

 Maalummaa mammaaksa gowwummaa ibsuu


 Yoomessa mammaaksi gowwummaa keessatti mammaakamu ibsuu
 Sadarkaa mammaaksi gowwummaa yeroo ammaa irra jiru addeessuu
 Faayidaa mammaaksi gowwummaa adeemsa baruuf barsiisuu keessatti qabu ibsuu
 Dhalooti itti aanu mammaaksa gowwummaatti akka fayyadamuuf kallattii qabsiisuu

1.4.Barbaachisummaa Qorannichaa
Qorannoon tokko erga geggeeffamee booda faayidaalee garaagaraa kenna.Qorannoon kunis
faayidaalee armaan gadii kenna.

 Mammaaksi gowwummaa dagatamuu, baduufi jijjiiramuu waan maluuf, galmeessee ol


kaa’uun dhaloota ammaa barsiisuufi dhaloota dhufuuf tursuuf ni gargaara.
 Uummanni Oromoo aanaa Hawwaa Galaan mammaaksa gowwummaatti dhimma bahuun
bu’aa akkamii akka qabu, dhaloonni boriis beekumsa afoola kanaatti akkamiin akka
gargaaramu ni barsiisa.
 Jijjiiramniifi itti fufiinsi itti fayyadama mammaaksa gowwummaa dhiibbaafi gaarummaa
maalii akka qabu hawaasni hubatee dhaloota akka barsiisuuf karaa saaqa.
 Nama biraa mata duree kana fakkaatu irratti qorannoo hojjechuuf deemuuf madda wabii
ta’ee tajaajila.

1.5 Daangaa qorannichaa


Qorannoon kun gama bakkaafi gama qabiyyeen daangeffamuun geggeeffameera. Bakkaan yoo
ilaalle qorannoon kun Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessatti
geggeeffameera. Qabiyyeedhaan immoo mammaaksa gowwummaa qaaccessuu irratti

4
xiyyeeffachuun kan hojjetameedha. Sababiin qorannoon kana akkasitti daangesssineef baajataafi
yeroo nuti qorannicha adeemsisuuf qabnu bakkaafi qabiyyee qorannoo keenyaa waliin wal
simsiisuuf yaadameeti. Kana malees aanaan qorannichi keessatti adeemsifame bakka jireenya
qorattootaa irraa baay’ee waan hin fagaanneef deddeebii qorattootaaf akka tolutti qorannoon kun
akkasitti daanga’ee hojjetameera.

1.6 Hanqina Qorannichaa


Hojii qorannoo tokkoo keessatti hanqinoonni nama mudatan hedduudha. Qorannoo kana
hojjechuu keessattis hanqinoonni nu mudatanii turan ni jiru. Hanqinoota kanneen keessaa inni
jalqabaa yeroo hojii qorannoo kanaaf odeeffannoo walitti qabaa turretti odeeffannoon
meeshaalee odeeffannoon ittiin walitti qabamaa ture keessaa karaa waraabbii suuraafi
viidiyootiin walitti qabamee ture nu duraa baduu isaati. Kunis sababii miimooriin suuraa,
sagaleefi sochiin odeefkennitootaa irratti waraabamee ture vaayiresiin tajaajilaan ala ta’eefiidha.
Ta'us irra deebiin hojii waraabbii suuraafi viidiyoo adeemsisneen deeffannoo odeefkennitoota
irraa argame madda isaatiin wal simsiisuun dhiheessineerra. . Dabalataan hanqinni nu mudate
odeefkennitoonni sababa rakkoo nageenyaafi eenyummaa qorattootaa sirriitti beekuu dadhabuu
irraa kan ka’e gara jalqabaa odeeffannoo kennuu irraa of qusachuudha. Qorattoonnis eenyummaa
isaaniifi kaayyoo isaanii odeefkennitootaaf gadi fageenyaan ibsuufiidhaan odeeffannoo gahaa
argataniin qorannoo isaanii geggeessaniiru.

5
BOQONNAA LAMA:SAKATTA’A BARRUU
2.1 Fookiloorii
Fookilooriin umurii dhala namaan wal gitu qabaachuun beekama. Haa ta’u malee maqaa amma
qabu kana kan argate yeroo dhihoodha. "William John Thoms bara 1846 jechoota lama walitti
camaduun 'folk-lore' jedhee moggaase," jechuun Fedhasaan(2019 f,31) ibseera. Baanuun armaan
olii fookiloorii jechoota afaan Ingilizii lama 'folk'fi 'lore' jedhaman irraa adeemsa suphuutiin kan
ijaarame ta'uu isaa ibsa.Hiikni jechoota kanneeniis, ‘folk’ n hawaasa kam iyyuu wal fakkeenya
qabaniin gamtaa uuman jechuu yoo ta’u, ‘lore’ n immoo qabeenya garee hawaasa kanneeniiti.
Akka Fileen (2021 f, 35) ibsetti fookilooriin gosoota garaagaraa kanneen akka:- meeshaalee
aadaa(wantoota aadaa), sochii qaamaa, afoolaa( ogafaanii)fi duudhaalee hawaasaa adda addaati.

6
2.2 Gooroowwan Fookiloorii

2.2.1 Wantaadaa
Wantaadaan namoonni meeshaafi xiinsammuu guuttachuuf, akkasumas dandeettii ogummaa
isaanii agarsiisuuf jecha kan hojjetan wantoota ijaan mul’ataniifi harkaan qaqqabatamuu
danda’aniidha. Fakkeenyaaf, ijaarsa manaa, dallaa, kuusaa midhaanii, hojii harkaa,
mimmiidhagsa meeshaa manaa, tuullaa nyaata horiifi k.k.f gooroo wantaadaa jalatti ramadamu.

2.2.2 Duudhaa Hawaasaa


Duudhaan hawaasaa gooroo fookiloorii raawwii garee irratti xiyyeeffatuudha. Raawwiin garee
kunneenis kanneen akka; waaqeffannaa amantaalee, cehumsa sadarkaa(fuudhaafi heeruma,
dhaqna qabaa, sirna gadaa), kabaja ayyaanotaa, qoricha aadaafi k.k.f dha.

2.2.3 Artii Sochii Qaamaa Hawaasaa


Artiin sochii qaamaa hawaasaa oguma sochii qaamaatiin mul’atuudha. Innis hawaasni jiruufi
jireenya isaa keessatti faayidaa adda addaaf bifa ogummaan guuteen muuxannoo yeroo dheeraa
irraa argateen kan kalaqeedha. Fakkeenya, shubbisa hawaasaa, shaggooyyee, geelloofi k.k.f
gosoota artii sochii qaamaa hawaasaati.

2.2.4 Afoola
Afoolli hojii kalaqaa ta’ee bifa bareedaa ta’een himamsa afaaniitiin dhalootaa dhalootatti kan
darbuudha (Tashoomaa, 2001 f, 10). Kun kan ibsu afoolli oguma haasaa afaaniitiin muuxannoo
jireenyaafi seenaa hawaasa tokkoo dhalootaa dhalootatti dabarsu ta’uu isaati. Fakkeenyaaf, oduu
durii, sheekkoo, hibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, eebba, abaarsa, tabaallii, guungummiifi
kkf gooroowwan afoolaa himamsa afaaniitiin dhalootaa dhalootatti darbaniidha.

2.2.5 Amaloota Afoolaa


AfoollI amaloota ittiin beekamu kan mataa isaa ni qaba. Amaloota afoolaa keessaa beekamoon:-
jijjiiramummaa, uummatummaa, lufummaa, hurruubummaa, hirmaannaa jamaa, miidhagummaa,
yoomessa, qindoominaafi aadaa faanuufaa akka ta'an Addunyaan (2021 f, 166-169) ibseera.

2.2.5.1 Jijjiiramummaa
Afoolli afaaniin dhalootaa dhalootatti waan darbuuf, bakka tokko tokkotti ni irraanfatama. Haa
ta'u malee, yaadrimee isaa yaadachuun hawaasni jecha mataa isaatiin qindeessee dhiyeessa
(Addunyaa, 2021 f, 166). Kun immoo jijjiiramummaa afoolaa agarsiisa.Kana jechuun
gooroowwan afoolaa keessaa tokko namni tokko yeroo tokko himee namni kan biraan yookaan

7
namumti jalqaba hime yeroo dheeraa booda irra deebi’ee yoo hime jijjiiramni ni ta’a.Akkaataa
ittiin himamu irratti jijjiiramni ta’us ergaan afoolichaa hin jijjiiramu. Fakkeenyaaf, Ijoolleef
tapha billaachaaf nafa, Adurreef tapha hantuutaaf lubbuudha, Ijoolleef tapha simbiraaf
lubbuudha kan jedhaniifi kkf jijjiiramummaa afoolaaf fakkeenya gaarii ta’u.

2.2.5.2 Uummatummaa
Addunyaan (2021 f, 169) afoolli kan uummataa ta'uu isaa ibseera. Kana jechuun, miseensa
hawaasaatiin kalaqamee kan hawaasni hundi itti fayyadamu malee, kan namni tokko qofti ittiin
waamamu miti. Gama biraan, Zawudituun ( 2006, f. 166), "Afoolli abbummaan nama dhuunfaa
isaa kan abaluuti jedhanii eeruun haa dadhabamu malee, qabeenya uummataati" jechuun ibsite.
Yaada kanarraa kan hubannu abbeentaan afoolaa nama dhuunfaa osoo hin taane uummata bal'aa
ta'uu isaati. Haaluma kanaan gooroo unka gabaabdotaa keessaa mammaaksi hirmaannaa jamaa
qabaachuufi kalaqaa dhabuu isaarraa kan ka'e amala uummatummaa afoolaa guutee argama.

2.2.5.3 Lufummaa
Afoolli dhalootaa tokkoofi lama qofa tajaajilee kan dhaabbatu osoo hin taane, dhalootaa
dhalootatti kan darbuudha. Yaada kana Biraanuun (1993 f, 11), "Afoolli afaaniin lufaa dhufe
seenaa, eenyummaa, falaasama, ilaalcha, duudhaa, safuu, amantii, diinagdee, siyaasa,
beekumsaafi muuxannoo dhala namaa baatee as gahe", jechuun ibseera. Kana malees, barruun
Biiroon Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaan (2007 f, 65 ) barreeffame Jildii-1, "Carraan seenaa
Oromoo durii kaasee galmeessuufi qorachuu dhiphaa haa turu malee, uummanni Oromoo
uummata aadaafi seenaa isaa afoolaan dhalootarraa dhalootatti dabarsataa as ga'eedha", jechuun
ibsameera.Kana jechuun uummanni Oromoo afoolatti fayyadamee achii as dhuftee hidda
dhaloota isaa himataa, seenaasaa firaafi diinatti seenessaa, dabaa namasaa gorfataa,
daa’immansaa gootummaafi safuu barsiisaa ture.Har’as itti fayyadamaa jira.Yaadonni olii
kunneen afoolli haala jiruufi jireenya uummataa akka waliigalaatti durii kaasee baatee har'aan
gahuu isaafi gara fuulduraatti dabarsuufis gahumsa qabaachuu isaati.

2.2.5.4 Hirmaannaa Jamaa


Namoonni yoomessa dhugaa afoolli keessatti hurruubamu keessatti argamanii hirmaannaa adda
addaa taasisan jamaa jedhamu. Fakkeenyaaf, Walleen yoo sirbu namoonni kan biraan yaadqalbii
isaanii ergisuufi kutaa qaamaa isaanii tokko tokko raasuun hirmaannaa jamaa taasisu.Kana
malees, bakka gaddaatti namoonni argaman laphee isaanii rukutuun, mataa isaanii qabatanii

8
booyuun, hidhii xuuxuun hirmaannaa jamaa taasisu.Akkasumas, yoo ajjeesaan yookaan gootni
geeraru gareen kaan lafa dhiitanii “ ishoo” jechuun cooka taasisu.

2.2.5.5 Miidhagummaa
Waldayohaannisiifi Gammachuun (2005 f, 87), "Oromoon afoola isaatiin akkaataa nama
hawwatuun Iyyaasuu mooticha faarse" jedhan. Yaada kanarraa afoolli amala miidhagummaa
miira namaa hawwachuu danda'u qabaachuu isaatu hubatama.Kanumaafuu walleen artistootaa,
haasaan hayyootaafi beektota keenyaa yoo irra deddeebiin dhaggeeffatamu hin quufamu; hin
nuffamu. Fakkeenyaaf, wallee artistiifi goota beekamaa Haacaaluu Hundeessaa keessaa muraasa
yoo ilaalle: “ Kololaniikoo, kololanii, kololaniisaa,

Biliqqiseekoo, ya marartuukoo, eenyu maraatee wal dhiisaa?”

Walleen artistii kanaa ulaagaalee miidhagummaan afoolaa ittiin ibsamuu danda’u kanneen akka:
wal unata sagaleewwan bo’oowwan walaloo keessaa, safara walqixa qabaachuu, jechoota
filatamoo miira namaa harkisan yookaan dhageettii gurraaf tolan qabaachuun dhihaateera.

2.2.5.6 Yoomessaafi Gochaa


Gochaan ulaagaa guddaafi lubbuu afoolaati. Gochaan afoolaa kun immoo yeroofi bakka
mijaawaa barbaada (Addunyaa, 221 f, 168). Kana jechuun haalli dhiheenya afoola tokkoo
gochaa tokkorratti hundaa'a jechuudha. Fakkeenyaaf, geerarsi ajjeesaa jiraachuuf, wanti du'e
jiraachuu qaba; walaloon boo'ichaa jiraachuuf boo'uun, du'uun jiraachuun dirqama.Arrabsoon
gaa'elaa tokko jiraachuufis kaadhimatanii fuudhuun jiraachuun dirqama. Gochaan kun immoo
sochii qaamaatiin wal qabata. Kana irratti hundaa'uun mi'aawuu yookaan dhangaggaa'uu danda'a.
Fakkeenyaaf, namni geeraru tokko ni utaala, ija babaasa, wanta ajjeesee geeraru sana baannata.

Afoolli Oromoo kunis yoomessa yookaan yeroofi bakka itti hurruubamu kan mataasaa qaba.
Fakkeenyaaf, Mana cidhaatti hin booyamu, ni sirbama yookaan faarsama. Akkasumas, mana
gaddaatti hin sirbamu miira gaddaatu agarsiifama.

2.2.5.7 Qindoomina Qabaachuu


Jechoonni, gaaleewwan, ciroowwaniifi himoonni afoola keessatti fayyadan qindoomina qabu.
Seerri qindoomina kana to'atu irra caalaa kan afaan dubbiiti.

2.2.6 Faayidaa Afoolaa


Afoolli faayidaawwan uumaasaarra maddan kanneen akka:- bashannansiisuu, hubannoo
muuxannoorraa madde kennuufi barnoota keessattis dandeettii gabbisuufaatti dabalataan

9
faayidaawwan dabalataa ni qaba. Namoonni garaagaraa kanneen akka:- Fedhasaan (2009 f, 28),
Asaffaan (2007 f, 87), Waldayohaannisiifi Gammachuun (2005 f, 87), Fiixee (2005 f, 43 ) afoolli
faayidaawwan dabalataa garaagaraa qabaachuu ibsu. Faayidaawwan kanneen keessaa isaan
gurguddoon ibsuu ( kuusuu ), onnachiisuu ( jabeessuu ), miliqsuu, to'achuu ( barsiisuu ) fa'a.

2.2.7 Gosoota Afoolaa


Afoolli gosoota garaagaraa qaba. Gosoota afoolaa kanneen keessaa Addunyaan ( 2021 f, 173-207
), geerarsa, mammaaksa, sheekkoo ( oduu durii ), jechama, dubbii qolaafi ciigoo tarreessuun
bal'inaan ibseera. Fiixeenis (2005 f, 43) gosoota afoolaa hedduu tarreesseera. Isaanis:- oduu
durii, hibboo, mammaaksa, weedduu arrabsoo ( mararoo ) guyyaa fuudhaafi heerumaa, tapha
ijoolleefi kkf dha. Akkasumas Asaffaan (2007 f, 4-162 ) gosoota afoolaa hedduu isaanii
tarreessuun fakkeenya waliin gahumsaan ibseera. Rabbirraanis ( 2010 f, 135 ), "Afoola Oromoo
akka cirracha galaanaa lakkaa'anii fixuun ulfaataadha", jechuun muraasa isaanii kanneen akka:
mammaaksaa, sheekkoo, geerarsaa, hibboo, eebbaafi abaarsaa, ciigoo, dubbii qoolaafi tapha
ijoollee maqaa dhaheera. Gooroowwan afoolaa namoota garaagaraan tarreeffaman kanneen
keessaa mammaaksa irratti xiyyeeffachuun qorannoo keenya geggeessineerra.

2.2.7.1 Mammaaksa
Mammaaksi akkuma akaakuu afoolaa kanneen biroo dhalootaa dhalootatti afaaniin kan
darbuudha. Kunis himamsa afaaniitiin dhaloota jiru irraa dhaloota lufutti kan darbu ta’uu isaati.
Wasaneen(2013 f, 89) mammaaksi dubbii dubbatamuufi mata duree haasawichaa waliin kan
deemu ta’uu akka qabu ibseera.Kana jechuun mammaaksi cal jedhamee kan mammaakamu osoo
hin taane sababa mammaakamuuf qabaachuu isaati. Mammaaksi bu’uura caasaafi qabiyyeetiin
qoodamuu akka danda’u (Addunyaan,2021 f, 189) ibseera. Fedhasaanis(2019 f, 77) mammaaksa
ulaagaa lama caasaa yookaan akkaataafi qabiyyeedhaan qooduun akka danda’amu ibseera.

2.2.8Gosoota Mammaaksaa
Mammaaksi akkuma akaakuuwwan afoolaa kanneen biroo afaaniin dhalootaa dhalootatti kan
darbuudha. Kunis himamsa afaaniitiin dhalootaa jiru irraa dhaloota dhufutti kan darbu ta'uu
isaati. Addunyaan (2021 f, 189 ), mammaaksi yaada qusatamoofi udumamoo ta'an jechoota
filatamoofi himoota gaggabaaboon dabarsuu akka danda'u ibseera. Dabalataan mammaaksi

10
bu'uura caasaafi qabiyyeetiin qoodamuu akka danda'u Addunyaan (2021 f, 189 )fi Fedhasaan
( 2021 f, 77 ) ibsaniiru.

2.2.8.1 Gosoota Mammaaksaa Caasaa Isaaniitiin


Caasaadhaan mammaaksi mammaaksa gabaaja’aa,jette jettee, hiriyummaa, walgita eeyyessaa,
walgita faallessaa, sabbu’aawaa eeyyessaafi sabbu’aawaa faallessaa jedhamuun qoodamuu akka
danda’u Fedhasaan(2019 f, 78-81) ibseera.

2.2.8.1.1 Mammaaksa Gabaaja’aa


Gosti mammaaksa kanaa kan uumamu yeroo mammaakaan gartokkoo mammaaksichaa
dubbatee, kan hafe dhaggeeffataaf dhiisuudha. Kaayyoon mammaaksa kanaa waan lama: akka
dhaggeeffataan muuxannoo ofiin walqabsiisee hubatuufi jechoota safuu eeguufidha. Fakkeenya,
Intalli geesse…., Jarjaraan waraabessaa…, Intalli garaa laaftu….fi kkf.

2.2.8.1.2 Mammaaksa Jette Jettee


Mammaaksi jette jettee muuxannoo durii ennaa har’aan dhugoomsa. Seenaa duriirraa ka’ee
kalaqama.Yeroo jedhamu ebalu akkas jedhe jechuun mammaakama. Sana keessattis abbaa jedhe
sana maqaa dhuunfaa, maqaa waliiniifi bamaqoota wabeeffachuun himamuu danda’a.
Fakkeenya, Bara hin beekanii bareen olkaawadha jedhe Abbaan Jifaar, Lama nan fuunfatan jette
jaartiin qullubbii hattee, Kan jibbantu nama dhaala jedhan

Mammaaksonni olii kunneen ‘jedhe, jette, jedhan’ jechuun xumuraman. Isa jalqabaa Abbaa
Jifaartu hiriyaasaatti dubbate. Waanti inni ittiin ibsuu barbaades haala mijataa har’a keessa
jiraniin gowwoomfamuun sirrii akka hin taaneefi waa beekanii taa’uun barbaachisaa ta’uu
isaati.Jette jetteen kunis maqaa dhuunfaa bu’uureffateera. Mammaaksi lammaffaa jaartii
qullubbii hatte sakatta’anii foolii irraa dhabanii bira darbantu mammaake. Yeroo sana jaartiin
tooftaa mataa ishee gargaaramtee foolii qullubbii sana dhoksitee turte. Booda dabalanii
sakatta’uuf yoo jedhan eyyama dhowwatte. Kun kan agarsiisu carraa argametti sirriitti
fayyadamuun barbaachisaa ta’uu isaa agarsiisa.

2.2.8.1.3 Mammaaksa Hiriyummaa


Humni jechootaa, gaaleewwaniifi himootaa mammaaksa kanaan himamanii walgitu. Yaadonni
mammaaksichaas walmadaalu. Fakkeenya, Raafuu fixxee rafuu didde, Galaa qabaatan karaa
fagaatan, Afaan tolaan afaa tolaa caalaafi kkf mammaaksa hiriyummaati.

11
Mammaaksonni armaan olitti dhihaatan wal madaalu; gaaleewwan birsaga walqixa qabaniin
ijaaraman.Yeroo sagaleeffamanis gabaabinaafi sagalee walunata qabantu dhagahama.Kanaaf
hiriyummaan walitti hidhaman jechuudha.

2.2.8.1.4 Mammaaksa Walgita Eeyyessaa


Himoonni yookaan gaaleewwan mammaaksonni kunneen irraa ijaaraman yaada walgitu qabu.
Baay’ina birsagaan walqixa ta’uufi yaada darbuun wal madaaluun beekamu. Fakkeenya,
Tokkummaan humna, Qilxuun daraare dawoo ta’a,….Mammaaksonni kunneen gaaleewwan
yaada waliif deebii ta’an of keessaa qabu. Fakkeenyaaf, tokkoomuun humna duukaa, qilxuun
immoo dawoo faana hiriiru.

2.2.8.1.5 Mammaaksa Walgita Faallessaa


Jechoonni bo’oowwan mammaaksota kanneenii keessatti argaman humnaan walgitanii garuu
yaadaan kan wal faallessaniidha. Fakkeenya, Sirbi ganamaa galgala boo’a, Afaanii ba’eet abbaa
namatti ta’a, Kan dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’aafi kkf gosa mammaaksa
kanaati. Mammaaksonni kun gaaleewwan yaada walfaallessu of keessaa qabu. Fakkeenyaaf,
sirbaafi boo’ichi waliif faallaadha.

2.2.8.1.6 Mammaaksa Sabbu’awaa Eeyyessaa


Mammaaksi akkanaa sababaafi bu’aa yaadota lamaati. Haa ta’u malee yaadonnisaa wal tumsu.
Fakkeenyaaf, Sinsinnii bara duraa cuukkoon mataa dura bula, Walii galan alaa galan,Yoo abbaan
iyyate ollaan namaa birmataafi kkf mammaaksota sabbu’awaa eeyyessaa agarsiisaniidha.

Mammaaksonni armaan olii gaaleewwan gochoota sababaafi bu’aan walqabatan irraa


ijaaraman.Sababniifi bu’aan jirus yaada waltumsu qabu. Fakkeenyaaf, yaadni sinsinnii jaalala
hin quufamne mul’isa. Cuukkoon immoo nyaata nama jaal’ataniif kennaniidha. Kanaafuu,
mammaaksi bifa kanaan mammaakamu kamuu sababa bu’aan tumsame agarsiisa jechuudha.

12
2.2.8.1.7 Mammaaksa Sabbu’awaa Faallessaa
Mammaaksi gosa kanaa sababaafi bu’aa bu’uureffata.Haa ta’u malee yaadonnisaa wal faallessa.
Fakkeenyaaf, Taa’aa bulanis hirribni hin hafu, Abjuu sodaa hirriba hin dhiisan, Waraanni abbaan
qare abbaa qale,….

Mammaaksonni kanneen irraa kan hubannu gochaaleen bu’aan wal faallessan dhihaachuu
isaaniiti. Gochi raawwatameera. Ta’us bu’aan argame faallaa waan yaadameeti. Gochi gama
lamaan raawwatame garuu humna wal gitu qaba. Kanaafuu sabbu’awaa faallessaa jedhame.

2.2.8.2 Gosoota Mammaaksaa Qabiyyee Isaaniitiin


Qabiyyee isaatiin mammaaksi mammaaksa gaabbii, seexessaa, oolmaa dagachuu, ofittummaa,
sodaa, tuffii, gochaa yeroofi soba kanneen agarsiisan jechuun Addunyaan ( 2021 f, 189 )
qoodeera.

2.2.8.2.1 Mammaaksa Gaabbii


Gosti mammaaksa kanaa namni yookaan hawaasni tokko waan raawwatetti gaabbuu isaa karaa
ittiin agarsiisan keessaa isa tokkoodha. Fakkeenyaaf, Gaabbiiifi eegeen booddee deemti, Aduu
dhiite biqila hin hafan, Bishaan darbe hin waraaban,Ganna darbeef mana hin ijaaran, Tufanii hin
arraabaniifi kkf mammaaksota gaabbii agarsiisuuf gargaaraniidha. Mammaaksonni kunneen
hawaasa biratti waan tokko erga hojjetanii gaabbuun akka jiru agarsiisa.Kaayyoo guddaan
mammaaksota kanneeniis fuulduratti gaabbiin akkasii akka hin uumamneef akeekkachiisuu,
waan fedhe yoo ta’eyyuu fuulduratti maal raawwachuun akka namarra jiru yaaduu malee isa
darbetti hidhamanii abdii kutachuun akka namarra hin jirre gorsa.Kana malees waan tokko
raawwachuun dura irra deddeebi’anii dhimmicharratti yaaduu, bu’aafi miidhaa dhimmichi
qaburratti bal’inaan yaaduun gaarii akka ta’e barsiisa.

2.2.8.2.2 Mammaaksa Seexessaa


Gosti mammaaksa kanaa onnachiisuuf kan mammaakamuudha. Kunis dabeessaafi dhibaa’aatti
onnee godha.Kan jajjabaachaa jirus akka itti fufu godha. Fakkeenyaaf, Ifaajan ifa argu,Dhiittatan
dhiittaa kutatan,Jajjabaatan dhirsa argatan, Kaatan kutaa uffatan, Warraaqan warraaqsan, Aaran
aarfataniifi kkf mammaaksota seexaa namatti horuuf gargaaraniidha. Mammaaksonni kunneen
tattaafachuun bu’aa guddaa akka qabu dhaamu. Namni tokko yoo tattaafate rakkoo kallattii
kamiiyyuukan diinagdee, kan siyaasaa, kan aadaa, kan amantii, kan hawaasaafi wkf keessaa
bahuu akka danda’u qalbeeffachiisu.

13
2.2.8.2.3 Mammaaksa Oolmaa Dagachuu
Gosti mammaaksa kanaa immoo oolmaa dagachuu agarsiisuuf gargaara.Adeemsa kanaanis
Oromoo biratti miidhaa oolmaa dagachuun geessisu agarsiisuun fuulduratti irra deebi’amuu akka
hin qabnetu barsiifama. Fakkeenyaaf, Namni aannan buusaniif dhiiga namaa buusa, Gatiin nama
fagaara koobanii dhuufuudha, Namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a, Namni
mana baasan manaa nama baasa, Namni bo’oo kutaniif mo’oo nama kutaafi kkf oolmaa
dagachuu agarsiisuuf mammaakamu. Ciroowwan mammaaksota armaan olii keessatti yaadonni
gaarummaafi hammeenya agarsiisan waldorgomsiifamuun dhihaataniiru. Ergaan isaaniis namni
oolmaa cimaa oolaniif oolmicha dagachuun dabarsee hamaatti nama kennuu isaa

2.2.8.2.4 Mammaaksa Tokkummaa


Gosti mammaaksa kanaa tokkummaan jiraachuu, dhabamuu akkasumas, barbaachisummaa isaa
agarsiisuuf mammaakamaa tureera,jiras. Fakkeenya, Dinnichi bakka gobbattetti hordaa miiti.
Mammaaksa kan hubannu amma fedhe xixiqqoo taatullee kanneen akka dinnichaafaa waltaanaan
humna argachuu isaaniiti. Kaayyoon mammaaksichaa lubbu dhabeeyyiin illee wal taatee hanga
kana yoo anniisaa horatte, dhalli namaa wal taanaan kan inni hin goone hin jiru yaada jedhu
horachiisuufi. Mammaaksonni kanneen akka:- Tokkummaan humna. Walii galan alaa galan,
Kirriin walgargaartee arba hiiti, Goota tokkorra lugna lama wayyaafi kkf mammaaksota
tokkummaa agarsiisuuf mammaakamaniidha.

2.2.8.2.5 Mammaaksa Aantummaa


Aadaa Oromoo keessatti aantiin iddoo guddaa qaba. Kana immoo , rakkinniifi bal’inni,
beekumsiifi wal’aalumni, ulaagaan kamuu hin daangessu. Aantummaa akkasii kana agarsiisuuf
mammaaksa aantummaatu mammaakama. Fakkeenya, Aanaan reeffatti aana. Mammaaksi kun
kan agarsiisu aantii kan jedhaman guyyaa rakkinaas ta’e guyyaa bal’inaa, yeroo gaddaas ta’e
yeroo gammachuu, yeroo roorroofi wkf nyaatus baasus itti aanuu warra danda’aniidha. Yeroo
dubbannus ‘dhiiga koo, tiruu koo, garaa koo’ jechuun aantummaa agarsiisna.

Gosti mammaaksaa qabiyyee isaaniitiin kana qofaa osoo hin taane hedduudha. Qorannoon kun
xiyyeeffannoon kan irratti hojjetame mammaaksa gowwummaa waan ta’eef, mammaaksi
gowwummaa kallattii garaagaraan qaacceffamee dhihaateera.

14
2.2.8.2.6 Mammaaksa Gowwummaa
Mammaaksi gowwummaa gooroo mammaaksaa hojiifi ilaalcha gowwummaa balleessuuf
mammaakamuudha. Gowwummaa faallaa abshaalummaa ta’e dhabamsiisuuf hiriyaa, aantee,
maatiifi k.k.f tti kan mammaakamuudha. Fakkeenyaaf,Haadha gowwaa hidhii jalli madaadha,
Gowwaan bishaan keessa dhaabatee dheebota, Gowwaa al tokko arrabsi; innuu deebisee of
arrabsa,Lallaba gowwaa firatu qaana’aa, Galaanni bakka bulu hin beekne dhagaa gangalchee
deema, Isa lafaan fuudhaatti isa isa bobaa buufti, Dhamaatuun dhama raaftee ro’ootu na dide
jettiifi kkf kaasuun ni danda’ama.

2.2.8.3 Faayidaa Mammaaksa Gowwummaa


Mammaaksi gowwummaa yookaan gowwaa ta’uu hambisa. Gowwaa ta’uun nama dhuunfaas
ta’e hawaasa waan miidhuuf namni kamuu akka hin gowwoomneef mammaaksaa itti himama.
Hojiin gowwaa nama dhuunfaarra darbee aantii isaallee qaanessuu danda’a. Kanaaf,
gowwummaan gaarii akka hin taane mari’atanii mariisisanii namatti himuurra mammaaksa
salphaatti akka galuuf taasisuutu salphata.Mahaammad qorannoo mata duree “Qaaccessa
Qabiyyee Mammaaksa Diinummaa Mul'isanii Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum,”
irratti hojjeteen xiyyeeffannaan isaa mammaaksa diinummaa mul’isan qaaccessuu irratti
ture.Xiyyeeffannaan qorannoo keenyaa immoo mammaaksa gowwummaa qaaccessuu irratti ta’a.
Mahaammad (2014,f.13) qorannoo isaa keessatti Oromoon mammaaksa isaatiin gowwummaa
balaaleffatee gamnummaa akka leellisu ibseera.

15
BOQONNAA SADII:MALLEEN QORANNOO

3.1 Ibsa Naannoo Qorannichaa


Qorannoon kun naannoo Oromiyaa, godina Qellem Wallagaa, aanaa Hawwaa Galaanitti
geggeeffameera. Aanaan kun magaalaa guddoo biyya keenyaa, Finfinnee irraa km 625 fagaattee
kan argamtu yoo taatu, kallattiin daangeffama ishee Bahaan aanaa Sadii Canqaa, Dhihaan aanaa
Sayyoo, Kaabaan aanaa Yemaalogii Walaliifi kallattii Kibbaan Godina Iluu Abbaa Booraan kan
daangeffamtu taatee, gandoota baadiyyaa 30 gandoota badda daree 5fi gandoota gammoojjii 25
kan qabduudha. Gandoota magaalaa immoo lama, ganda Gabaa Roobii kan haalli qilleensa ishee
badda daree ta’eefi ganda Machaaraa kan haalli qilleensa ishee gammoojji ta’e qabdi. Haalli
teessuma lafaa aanattii akka waliigalaatti diriiraadha. Baay’inni uummata aanichaa kan magaalaa
dhiira 8510fi dhalaa 8858 waliigala 17368fi kan baadiyyaa dhiira 50068fi dhalaa 52106 yoo
ta’u, walitti qabaan uummata magaalaafi uummata baadiyyaa aanattii dhiira 58573fi dhalaa
60964, waliigala immoo 119573 ta’u. Aanaa kana keessatti midhaan oomishaman irra jireessaan
kanneen haala qilleensaa gammoojjummaafi badda darummaa qabu keessatti ta'uu danda'an
kanneen akka: boqqolloo, daagujjaa, bisingaa, boloqqee, saalixii,barbareefi k.k.f dha. Gama
bu'uuraalee misoomaatiin immoo bu'uuraaleen misoomaa kanneen akka: ibsaa, mana yaalaa,
daandiifi bishaan dhugaatii qulqulluu gahumsaan gandootni magaalaa aanichaa yoo argatan,
gandoota baadiyyaa aanichaa keessatti immoo hanqina guddaa qabu. Manni barnootaa garuu
gandoota aanichaa hundumaa keessatti qaqqabummaan isaa gahaadha jedhamuu ni danda'a.
Bineensonni bosonaa kanneen aanattii keessatti argamanis quruphee, bosonuu,
booyyee,daljeessa, qamalee, weenniifi k.k.f dha. Haalli qilleensa ishee badda daree %36.7fi
gammoojjii %63.3 taatee jireenya dhala namaaf baay’ee mijattuudha.

3.2 Saxaxa Qorannichaa


Qorannoo tokko geggeessuu keessatti qorannichi bu’aa gaarii akka argamsiisuuf malli qorannoo
dhimma itti bahamuufi gosti qorannichaa sirriitti adda baafamee beekamuu qaba.Qorannoo kana
geggeessuuf malli qorannoo itti gargaaramne mala qorannoo akkamtaadha.Namoota qorannoo
kanaaf akka iddattootti filataman irraa odeeffannoon bifa af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffannoon

16
walitti qabameera.Odeeffannoo bifa barreeffamaan jiru argachuuf barruun qorannoo mammaaksa
Oromoo irratti Waajjira Aadaafi Tuuriizimii Aanaa Hawwaa Galaaniin qophaa'e sakatta’ameera.

3.3 Iddatteessuufi Mala Iddatteessuu


Qorannoon tokko yammuu geggeeffamu iddattoo filachuufi mala iddatteessuu gargaaramuun
barbaachisaadha. Kunis rakkoo gama humna namaafi baajataan mudachuu danda’u hir’isuuf.
Qorannoo kana adeemsisuufis hawaasa Oromoo godinaalee garaagaraatti argaman hunda walitti
qabuun odeeffannoo irraa funaanuun baajataafi yeroo hedduu waan gaafatuuf, akkasumas humna
nama baay’ee barbaada. Kana hir’isuuf immoo qorannoon kun godina Qellem Wallaggaa
keessaa aanaa Hawwaa Galaanitti adeemsifameera. Mala iddatteessuu qorannoo kanaaf hojii irra
ooles mala miti-carraadha.

Aanaa Hawwaa Galaan keessaa gandoota lama ganda Guddina Waachoofi gandi Keellaa
filatamaniiru.Sababni gandoota kana lamaan filanneef odeeffannoo bilchaataa
arganneerra.Akkasumas, maallaqaafi yeroo qabnuun qorannoo keenya hojjenneerra..

Qorannoo kanaaf namoonni akka iddattootti filataman garee hawaasaa keessaa maanguddoota
ja’a dhiira sadiifi dubara sadii yoo ta’an maanguddootifilataman odeeffannoowwan bilchaatoo
qorannichaaf gumaachan nuuf kennaniiru.Maanguddoonni kunneen dhimma qorannoo kanaa
irratti hubannoo gahaa waan qabaniif mala kaayyeffataatiin odeeffannoo kennaniiru.

3.4 Madda Odeeffannoo


Qorannoon kana geggeessuuf madda odeeffannoo tokkoffaafi madda odeeffannoo lammaffaa
keessaa haala qorannichaaf mijatuun qorattoonni filachuun dhimma itti bahaniiru.Haaluma
kanaan qorannoo kana geggeessuuf madda odeeffannoo tokkoffaa irraa afgaaffiifi marii garee
xiyyeeffannoo gargaaramuun odeeffannoon funaanameera.Madda odeeffannoo lammaffaan
immoo xiinxala dookumentiin odeeffannoon funaanameera.Kanaaf qorannoo kana geggeessuuf
maddeen odeeffannoo tokkoffaafi lammaffaan akkaataa barbaachisummaa isaaniitti hojii irra
oolaniiru.Walumaagala odeeffannoo maddeen odeeffannoo tokkoffaafi lammaffaa irraa argamee
dhimma itti bahameen qorattoonni kaayyoo qorannoo adeemsisanii galmaan gahataniiru.

17
3.5 Meeshaalee Ragaan Ittiin Funaanaman

Meeshaalee funaansa odeeffannoo qorannoo kanaatiif hojii irra oolanis kanneen armaan gadiiti.
Isaanis:- afgaaffii, maree garee xiyyeeffannoo, xiinxala dookumentiifi waraabbii suuraafi
viidiyooti.

3.5.1 Afgaaffii
Afgaaffiin gosoota meeshaalee odeeffannoon qorannoo ittiin funaanamu keessaa tokko ta’ee kan
qorataafi maddi ragaa qorannichaa kallattiin wal arganii odeeffanoon ittiin funaanamuudha.
Fileen (2019, f.71), afgaaffiin odeeffannoo adda addaa dhimma adda addaa irratti walitti
qabachuudhaaf oduu himtootaaf gaaffii afaanii dhiheessuudhaan gaafatamtoonnis deebii isaan
irraa eegamu afaaniin akka kennaniif kan dhiyaatu akka ta'e ibsa. Namoonni afgaaffiif
filatamanis yaada gaarii qorannicha deggeru ni kennu jedhamee abdatama.Qorannoo kana
geggeessuufis malli afgaaffii filatamee odeefkennitoota irraa odeefannoo
barbaachisaanargameera. Mala kanaan odeeffannoo kennuufismaanguddoonni(jaarsoliin) biyyaa
qooda fudhataniiru. Gosti gaaffii odeefkennitoota kanneeniif dhihaates gaaffii banaa(open ended
questions) baay’inni isaanii shan ta’ee odeefkennitoota irraa odeeffannoo barbaachisaa walitti
qabameera.

3.5.2 Maree Garee Xiyyeeffannoo


Fileen (2019, f.75), malli kun odeeffannoo adda addaa namoota kallattii mata duree qorannoo
aanaan hawaasa keessatti beekumsa cimaa qaban irraa qaamaan dhihaachuun odeeffannoo
fudhachuu akka ta'e ibseera. Mali kun namoota yookaan odeefkennitoota dhimma qoratamuuf
deemu keessa beekan walitti qabuun mari’achiisuu irratti kan xiyyeeffateedha. Kanaaf kaayyoo
qorannichaa haala giddu galeeffateen odeeffannoo gadi fagoofi gahaa ta’e maree garee
xiyyeeffannoon argameera. Qorannoon kun yammuu geggeeffamaa ture kaayyoo qorannichaa
bu’uureffachuun odeefkennitoota waliin mari’achuun odeeffannoon walitti qabameera. Kun
immoo kan barbaachiseef yaada dabalataa argachuun odeeffannoo karaa afgaaffii
odeefkennitoota irraa walitti qabaman waliin wal bira qabuun dhugummaa odeeffannoo argamuu
mirkaneeffachuufidha. Kanaaf qorannoon kun yeroo geggeeffametti gareen tokko filatamuun

18
miseensota garechaa ja’a gaaffilee dhihaataniif irratti mari’atan irraa odeeffannoon walitti
qabameera.

3.5.3 Xiinxala Dookumentii


Meeshaan kun barreeffamoota garaagaraa dhimma qorannichaan wal qabatan sakatta’uun
qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Yaada kana Fileen (2019, f.85), "Barruulee sakatta'aman kanneen
maxxanfamaniifi kanneen hin maxxanfamne, akkasumas, odeeffannoowwan olkaawaman
meeshaalee elektirooniksiidhaan waraabamanis ta'e kanneen suuraan yookaan fakkiin kaafamanii
jiran irraa walitti qabachuun ni danda'ama,”jechuun ibseera.Qorannoon kunis barruu qorannoo
waajjira aadaafi tuuriizimii aanaa Hawwaa Galaaniin qophaa’e sakatta’uun geggeeffameera.

3.5.4 Waraabbii Suuraafi Viidiyoo


Malli qorannoo kun qorannoo adeemsifamu tokkoof odeefkennitoota irraa odeeffannoon argamu
tokko qabatamaa ta’uu isaa agarsiisuuf gargaara. Qorannoo kana geggeessuu keessattis
odeeffannoon odeefkennitoota irraa argame qabatamaa ta’uu isaa agarsiisuuf hojiin waraabbii
suuraafi viidiyoo taasifameera.

3.6 Mala Qaaccessa Odeeffannoo


Odeeffannoon erga walitti qabamee booda hojiin itti aanu qaaccessa odeeffannooti. Kanaaf
odeeffannoo argame tooftaa qaaccessa odeeffannoo gosa qorannoo keenyaa waliin deemuun
qaaccessineerra. Odeeffannoon qorannoo kana geggeessuuf walitti qabames mala akkamtaan
wal duraa duubaan kan qaacceffameedha. Kunis keeyyata keeyyataan yaada odeefkennitootaa
addeessuun raawwatameera.

3.7 Naamusa Qorannoo


Qorannoo tokko geggeessuuf haaldureewwan barbaachisoo dursanii guutamuu qaban keessaa
tokko naamusa qorannoo sanaati. Kun immoo keessumaa hojii qorannoo aloolaa qorannoo
sanaaf taasifamuun madaalama. Qorataan tokko osoo dirree qorannootti hin bobba’in dura
wantoota dirree qorannoof barbaachisan dursee itti qophaa’uu qaba. Qorannicha keessatti
dhimmoonni ijoo ta’an kanneen akka: meeshaalee qorannichaaf barbaachisan(qalama, waraqaa
yaadannoo, teeppii sagalee waraabdu, kaameeraa, uffata aadaa hawaasichaan wal simu,qarshii
barbaachisu), jechoota safuu hawaasichaa beekuu, yeroo qorannichi itti geggeeffamu adda
baafachuu, bakkaafi xalayaa deggersaa qaama barbaachisu irraa argachuufi k.k.f dha.
Qorannoon kunis haaldureewwan naamusa qorannoo keessatti eegamuu qaban hundumaa
xiyyeeffannoo keessa galchuun kan geggeeffameedha.

19
BOQONNAA AFUR: DHIHEESSAAFI QAACCESSA ODEEFFANNOO
4.1 Maalummaa Mammaaksaa
Akka odeefkennitoonni afgaaffii Waxabajjii 7/2015 A.L.I dhihaateef irratti yaada kennanitti,
mammaaksi gosoota afoola Oromoo keessaa tokko ta’ee kan abbootiin Oromoo dhimma isaanii
ykn miira isaanii qabiyyee garaagaraan wal qabsiisuun ittiin dhiheeffataniidha. Wantoonni
mammaaksaan ibsaman kunneenis dhimmoota akka daldalaa, misoomaa, hiyyummaa,
badhaadhummaa, abshaalummaa, gowwummaa, seexaa, ceephoo, hawwii, gaabbii, doqnummaa,
arjummaa, lugnummaa, gootummaa, sodaa, oolmaa dagachuufi kkf akka ta’an ibsaniiru.Marii
garee xiyyeeffannoof gaaffilee Waxabajjii 8/2015 A.L.I dhihaateefiinis odeefkennitoonni
mammaaksi gosa afoola Oromoo keessaa isa tokko ta’ee jechoota filatamoofi himoota
gaggabaaboon yaada qusatamaa,udumamaafi dhageettii gurraaf toluun ergaa bal’aa kan dabarsu
akka ta’e ibsaniiru. Kana malees mammaaksi dubbii fixuufis ta’e dubbii fiduuf gosa afoolaa
gargaaru ta’uu isaa ibsaniiru. Fakkeenyaafnama dubbii tokko irra deddeebi’ee dubbachuun nama
nuffisiisu tokko ceepha’uuf ykn namni tokko waan tokko irra deddeebi’ee dogoggoruun akka hin
hojjenne gorsa isa xumuraa kennuuf, “Tokko haasa’uun gamnummaadha; lama haasa’uun
gowwummaadha,” jechuun mammaakuun dubbii xumuruun akka danda’amu odeefkennitoonni
kunneen ibsaniiru. Akkasumas, namni tokko namoota dhimma ta’e tokko irratti waliin
haasa’anitti yeroo jalqabaaf dabalamee dhimma irratti namoonni sun waliin haasa’an irratti
callisee haasa’uurra, “Buna itti dhaqan dhugu, dubbii itti dhaqan dubbatu,” jedhee mammaakuun

20
gara miseensummaa namoota dursanii haasaa qabatanii jiraniitti dabalama. Kana booda dhimma
haasa’amaa jiru irratti gama kamiinuu hirmaannaa taasisuun yaada isaa kennuu akka danda’u
odeefkennitoonni kunneen yaada kennaniin ibsaniiru.

Yaada odeefkennitootaa armaan olitti dhihaate kanarraa kan hubatamu mammaaksi gosa afoolaa
jechoota qindaa’oofi unka gaggabaaboo ta’aniin qabiyyee dhimmoota garaagaraan walsimsiisuun
uummati Oromoo jiruufi jireenya isaa guyya guyyaa keessatti itti fayyadamaa tureefi itti
fayyadamaa jiru ta’uu isaati.

4.2 Maalummaa Mammaaksa Gowwummaa


Akka odeefkennitoonni afgaaffii Waxabajjii 7/2015 A.L.I dhihaateef irratti yaada kennaniin
mammaaksi gowwummaa gosa mammaaksaa namoonni gowwaa nama ofii ykn gowwaa lammii
ofii ittiin sirreessuuf, akkasumas karaa alkallattiin yaada kennuufiif mammaakamu akka ta’e
ibsaniiru. Gowwummaan lammii ofii ykn fira ofii mammaaksaan itti himamu gowwummaa
kallattii garaagaraan mul’atu ta’uu akka danda’u odeefkennitoonni kunneen yaada kennaniin
ibsaniiru.Kunis gowwummaa icciitii qabachuu dadhabuu, maatii ofii gorfachuu dadhabuu,
qabeenya ofiitti haalaan fayyadamuu dadhabuu, qusannaa wal’aaluu, waan of harkaa qabanitti
fayyadamuu wal’aaluufi kkf dha. Fakkeenyaaf, Gowwaan bishaan keessa dhaabatee dheebota,
Gowwaa altokko arrabsi; lammataa innuu deebisee of arrabsa, Midhaan warra gowwaa bonaa
ganna nyaatu, Waraqaafi gowwaan waan qabe gad hin dhiisu, Gowwaa si dudduubni bowwaa,
Haadha gowwaa hidhii jalli madaa, Gowwaa kofalchiisanii ilkaan lakkaa’u, Lallaba gowwaa
firatu qaana’a, Gowwaan du’a haadhasaa kolfa, Harree gowwaan waraabessa geggeessiti,
Gowwaan guyyaa mugee halkan ilaalaa bula, Faradoon lachan keenyaa nu lachuu lafa deemnaa
yaa bada qalbii teenyaa
Yaada odeefkennitoota kanaarraa hubachuun kan danda’amu mammaaksi gowwummaa
mammaaksa ittiin gowwaatti dubbatan yookaan gowwummaan gaarii akka hin taane karaa
filatamaa namoota yaada gowwummaa qabanitti ittiin himan ta’uu isaati. Dabalataan
mammaaksi gowwummaa kun gowwummaa gama garaagaraan aantee yookaan fira ofii irratti
mul’atuuf kan mammaakamu ta’uu isaatu hubatama. Kunis gama hojiin, gama jiruufi jireenya
mana keessaan, gama hawaasummaan, gama hariiroo miseensota maatii gidduun (abbaafi ilma,
haadhaafi intala, obboleessaafi obboleettii) fi kkf’n gowwummaa namoota irratti mul’atuuf kan
mammaakamu ta’uu isaati.
4.3 Yoomessa Mammaaksa Gowwummaa

21
Akka odeefkennitoonni afgaaffii Waxabajjii 7/2015 A.L.I taasifameefiin ibsanitti mammaaksi
gowwummaa cal jedhamee kan mammaakamu osoo hin taane bakka, yeroofi waan
mammaakameef sanaan wal fakkaachuu qaba. Akka odeefkennitoonni kunneen jedhanitti
mammaaksi gowwummaa yoomeessa garaagaraa keessatti mammaakamuu danda’a. Isaanis
yeroo dhirsi yookaan abbaan manaa hanga gahuu qabu hanqatee argamu, yeroo namni tokko
waan harkasaa keessa jirutti fayyadamuu dadhabu, yeroo haati ijoolleeshee naamusaan guddisuu
wal’aaltu, yeroo namoonni qabeenyasaaniitti seeraan fayyadamuu dadhabu, yeroo dubbiima
tokko keessa namni oolu, yeroo namni icciitii dhuunfaasaa eeggachuu dadhabu, yeroo namni
balaa yookaan waan isa miidhutti dhihoo ta’u, yeroo namni firaafi diinasaa adda baasee beekuu
dhabu, yeroo namni waan yeroosaa hin taane raawwatuufi kkf mammaaksi gowwummaa
mammaakamuu akka danda’u odeefkennitoonni kunneen ibsaniiru. Odeefkennitoota kanneen
irraa odeeffannoo maree garee xiyyeeffannoon walitti qabameen yeroo garaagaraatti akkaataa
dhimma mammaakameef waliin wal simuu danda’uun mammaaksi gowwummaa akka
mammaakamu danda’u ibsaniiru.
Yaada odeefkennitoota kanneeniirraa wanti hubatamu mammaaksi gowwummaa bakka, yeroofi
haala garaagaraa keessatti gowwummaa mul’atan sababeeffachuun kan mammaakamu ta’uu
isaati. Yaada olitti ka’e kana bu’uureffachuun yoomessi mammaaksa gowwummaa akka itti aanu
kanatti dhihaateera.
4.3.1 Yeroo Dhirsi Gadaantummaa Agarsiisu
Akka yaada odeefkennitoota kanaatti mammaaksi yeroo kanaa dhirsi yookaan abbaan manaa
hanqataa mana isaa dhokfachuu dhiisee akka gaarummaatti ilaaluun dubbatu,niitii isaa
seerrachuu wal’aalee isa isheen akka fedhasheetti jiraattu hundumaa gaarummaatti ilaaluufi
gochaalee kana fakkaatan raawwatu gowwummaa isaa itti himuuf mammaaksa mammaakamu
ta’uu isaati. Fakkeenyaaf, Gowwaan abbaa manaa ottee cabaa isaatti kolfa, Abbaan of hin argu
goorroo duubi hin margu, Gowwaa abbaa manaa jaartiin cabee bultiifi kkf.
Yaada odeefkennitootaa bu’uureffachuun mammaaksota akka fakkeenyaatti dhihaatan irraa
ergaan hubatamu dhirsi gowwaan qodaa yookaan meeshaan itti tajaajilaman mana isaa keessaa
yoo cabe tooftaa ittiin qodaa cabe suphu yookaa bakka buusu barbaaduu dhiisee oduun yeroo
isaa bal’eessuu isaati. Akkasumas, yoo haati manaa isaa akka feete jiraattes nama ishee hin
gaafanne ta’uu isaati.
4.3.2 Yeroo Namni Waan Of Harkaa Qabutti Fayyadamuu Wal’aalu

22
Akka odeeffannoon afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannoo Waxabajjii 7fi8 bara 2015
odeefhimtootaaf taasifameen argame ibsutti namni tokko itti fayyadamuuf isa bira osoo jiruu
dhiheenyasaatti argamuu wantichaa hubachuu dadhabuun waan sana iddoo biraa barbaacha yoo
deeme yookaan akka waan argachuu hin dandeenyeetti sammuu isaa amansiisuun dhaba waan
sanaan yeroo rakkatu kan mammaakamu ta’uu isaati. Fakkeenyaaf, Gowwaan bishaan keessa
dhaabatee dheebota, Faradoon lachuu keenya;nu lachanuu lafa deemna yaa bada qalbii teenyaafi
kkf.
Yaada odeefkennitootaafi fakkeenya isaan kennan walbira qabuun yoo qaaccessinu ‘Gowwaan
bishaan keessa dhaabatee dheebota’ kan jedhu namni tokko waan argachuuf fedha qabu tokko
kanneen akka qarshii, nyaataafi kkf akkamitti argachuu akka danda’u of harkaa yookaan
sammuu isaa keessaa utuu qabuu fageenyatti yookaan nama biraarraa eeggachuu agarsiisa.
Mammaaksi lammaffaanis waan of harkaa qaban faayidaa inni ooluu qabuuf irra oolchuu
dhiisuudhaan faayidaa waan sana irraa argamuu danda’u dhabuu yookaan aarsaa kan biraa
kaffaluu agarsiisa.

4.3.3 Yeroo Maatiin Naamusaan Ala Ijoollee Guddisan


Akka odeeffannoon odeefkennitoota irraa karaa afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannoo argame
ibsutti maatiin ijoollee isaanii karaa seera qabeessaan akkaataa isaan naamusa gaarii qabaachuu
danda’anitti gorsee, qajeelchee yoo hin guddisne amalli isaan hawaasa keessatti agarsiisan amala
badaa fudhatama hin qabneefi duudhaa hawaasaan faallaa ta’eedha. Gochaa ijoolleen seeraan ala
guddatan agarsiisan kun deebi’ee maatiima guddise tuffachiisa. Gochaa maatiin ijoollee kanaa
boodarra gochaa ijoollee isaanii kana jibbaaf agarsiisaniin walqabsiisuun gowwummaa maatii
kanaaf mammaaksi gowwummaa ni mammaakama. Fakkeenyaaf, Haadha gowwaa hidhii jalli
madaadha. Yaadi olii kan agarsiisu haati daa’ima tokkoo daa’ima ishee seeraan guddisuu
dhiistee boodarra amala inni hawaasa keessatti agarsiisu ishee qaanessinaan hidhii itti
ciniinnachuu ishee agarsiisa. Kun immoo daa’ima amala badaa agarsiise sana sirreessuu osoo hin
taane gowwummaa ishee waan agarsiisa. Kanaaf maatiin daa’imman isaanii osoo gochaa hin
taane hin agarsiisin barsiisuufi gorsuu akka qaban hubachiisa.
4.3.4 Yeroo Namoonni Qabeenyaa Isaanii Qusachuu Wal’aalan

23
Akka odeeffannoon odeefkennitoota irraa karaa afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannoo
dhihaateefiin argame ibsutti mammaaksi gowwummaa yeroo namoonni qusannaa wal’aalan ni
mammaakama. Fakkeenyaaf, Midhaan warra raatuu bonaa ganna nyaatu
Yaada odeefkennitoota olitti dhihaate irraa wanti hubatamu namoonni qabeenya qaban akkuma
barbaadan yeroo kamittuu nama kamiifuu qoodan akka jiraniifi kun immoo sirrii akka hin
taaneedha. Kanaaf namoota amala akkasii qaban sirreessuufi namoota kanneen biroos akka of
eeggatan taasisuuf gocha akkasii agarsiisuun gowwummaa akka ta’e mammaaksaan itti himuun
barbaachisaadha.
4.3.5 Yeroo Namni Dubbii Ykn Dhimma Tokko Keessa Deddeebi’u
Afgaaffii Waxabajjii 7/2015 taasifameen odeefkennitoonni yaada kennaniin dhimma tokko irratti
mari’atamee keessumaa yeroo jaarsummaa namoota walitti bu’an araarsuuf yaadi bilchaataafi
amansiisaan namoota waldhabaniif dhihaatee dhimmichi xumura argachuuf yoo jedhu, qaamota
wal dhaban keessaa tokko faallaa yaada jaarsoliidhaan bal’inaan ka’ee dhimmasaa irra
deddeebi’ee kaasa.Kun immoo dhimma sanaaf furmaata kennuuf barbaachisaa akka hin taaneefi
yaada tokkotti cichanii hafuun gaarii akka hin taane mammaaksaan itti himama. Fakkeenyaaf,
Tokko haasa’uun gamnummaadha;lama haasa’uun gowwummaadha.
Yaada odeefkennitootaa armaan olitti ka’erraa kan hubatame dhimma tokko
barbaachisummaasaa malee ammaa ammaa irra deddeebi’anii kaasuun gaarii kan hin taane kan
nama tuffachiisu ta’uu isaati.
4.3.6 Yeroo Namni Waan Isa Miidhutti Dhihoo Ta’u
Akka odeeffannoon odeefkennitoota irraa afgaaffii Waxabajjii 7/2015 taasifameen argame ibsutti
namni tokko waan isa miidhu yookaan balaa isa irraan gahuu danda’u tokkotti dhihoo yoo ta’e,
gochaa gaarii fakkaatee boodarra isa miidhuu danda’u yoo dalagaa jiraate dhumnisaa miidhaa
waan ta’eef, gochi namni sun raawwachaa jiru gowwummaa nama sanaa ta’uu isaa
mammaaksaan itti himama. Fakkeenyaaf, Gowwaa si dudduubni bowwaa
Yaada olii kanarraa wanti hubatamu bakki namni tokko jiru yookaan hojii inni hojjechaa jiru
miidhaa irraan qaqqabsiisuuf dhihoo ta’uu isaafi hubatee irraa akka deebi’uuf mammaaksi
gowwummaa kan mammaakamu ta’uu isaati.
4.3.7 Yeroo Namni Firaafi Diinasaa Adda Baasuu Dadhabu
Odeefkennitoonni marii garee xiyyeeffannoo Waxabajjii 8/2015 taasifameefiin akka jedhanitti
Oromoon aadaa boonsaa qabu sirna guddifachaa, ‘Guddifachaa Oromoomsuu’ jedhamuun nama
dhiigaan Oromoo hin taane ofitti fudhatanii guddifachuun miidhaa karaa siyaasasaan ofitti fidaa
24
tureera. Kun immoo gowwummaa akka ta’etti fudhatama.Kana hambisuuf Oromoon
mammaaksaan walitti dubbata. Fakkeenyaaf,Harree gowwaan waraabessa geggeesssiti.
Yaada odeefkennitoota olii irraa kan hubatamu namni gowwoomuun firaafi diinasaa addaan
baasee hin beekne diinasaa adda baasee beekee miidhaa karaa diinasaa itti dhufuu danda’u jalaa
akka ooluuf mammaaksaan kan itti himamu ta’uu isaati.
4.3.8 Waan Yeroosaa Hin Taane Yoo Raawwatamu
Akka odeefkennitoonni afgaaffiifi marii garee Waxabajjii 7fi8 bara 2015 taasifameef irratti
yaada kennaniin jedhanitti namoonni tokko tokko hojiiwwan tokko tokko yeroo isaa malee
raawwatanii bu’aa argachuu malan osoo hin argatin hafu. Qonnaan bulaan tokko tokko yeroo
qonnaa taa’ee, yeroo oomishi gahuuf jedhulafa qota. Barataan tokko tokko yeroo osoo qormaati
hin gahin qayyabachuu dhiisee, qormaata boriin gale qayyabannaa jalqaba. Namoonni hojii
yeroo isaan wal hin simne akkasii raawwatan immoo gowwoota jedhamu. Namoota akkasiif
mammaaksi mammaakamu mammaaksa gowwummaa akka ta’e fakkeenyaan deggaruun
ibsaniiru.Fakkeenyaaf, Gowwaan guyyaa mugee halkan ilaalaa bula.
Yaada odeefkennitoota olii irraa kan hubatamu nama waan yeroosaatti hojjetamuu qabu
hojjechuu dhiisee yeroosaan ala hojjetee faayidaan ala ta’uu sirreessuuf mammaaksi
mammaakamu mammaaksa gowwummaa akka ta’eedha.

4.4 Faayidaa Mammaaksa Gowwummaa


Afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannoo Waxabajjii 7fi8 bara 2015 A.L.I tti dhihaateefiin
odeefkennitoonni faayidaa mammaaksi gowwummaa qabu kanneen garaagaraa jireenya nama
dhuunfaan, maatiin ,hawaasaan, akkasumas haala hojii misoomaan, barnootaan, daldalaafi kkf’n
walqabsiisuun odeeffannoo kennaniiru. Akka odeefkennitoonni kunneen jedhanitti faayidaaleen
mammaaksa gowwummaa gorsuuf, namoota wal dhaban araarsuuf, qajeelchuuf, ceepha’uuf,
booree namatti horuuf, barsiisuufi kkf dha.
Raatuun dallaa horii keessatti bishaan kuufti, Raatuun raatoftee nama raatessiti, Anuu
gowwaadha kan odoo hin nyaatin quufu jedhe fardi okaa ba’aa tokko fixee, Numaaf haati hin
bane jedhe gowwaan haadha ajjeesee,Raatuun ganama dhalattis,Kan itti kolfan namatti
kofalti,Eega kooraa dadhabee fardummaa maaltu jira eega dubbii dadhabee gamnummaa maaltu
jira,

25
4.4.1 Gorsuuf/Barsiisuuf
Akka odeefkennitoonni afgaaffii Waxabajjii 7/2015 taasifameefiin yaada kennaniin namni waan
irraa eegamu hojjechuun miidhaa waan sana raawwachuu dhiisuun booda irra gahuu danda’u
jalaa ooluuf mammaaksa gowwummaatiin gorsuun akka danda’amu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf,Warra gowwaa sareen torba, Yaa gowwaa dhagahi jedheen uurse, argi jedheen
yaa’e jedhe bishaan. Yaada odeefkennitoonni fakkeenyaan deggeruun kennan kana irraa
mammaaksa gowwummaa fayyadamanii namni kamuu gowwoomee waan itti himame akka hin
daganneefi waan itti himame qalbeeffachuu dhiisee boodarra kan miidhamu gowwaa ta’uu isaa
itti himuun kan danda’amuufi hojiiwwan bu’aa hedduu hin argamsiisne heddummeessanii
hojjechuun gowwummaa ta’uu isaa hubachiisuuf kan gargaaru ta’uun isaa hubatameera.
4.4.2 Qajeelchuuf
Akka odeefkennitoonni afgaaffii Waxabajjii 7/2015 taasifameefiin yaada kennaniin namni waan
ta’uu hin qabne akka hin raawwanneef mammaaksa gowwummaa fayyadamanii qajeelchuun
nidanda’ama jedhaniiru. Fakkeenyaaf, Raatuun dallaa horii keessatti bishaan kuufti,Isa darbemoo
isa dhufutu caala jennaan kan darbe caala jedhe gowwaan, Gowwaan gaafa deege daldalaafi
kkf.Akka odeefkennitoonni jedhanitti mammaaksi kun namni bakkaafi yeroo isaa malee waa
hojjetu bu’aa malee waan hafuuf, akka malee hojjetanii bu’aa malee hafuufi waan sichi dhufu
dhiisanii waan darbe jajachuun gowwummaa akka ta’e ibsuuf gargaara jedhaniiru. Yaada
odeefkennitoonni fakkeenyaan deggeruun kennan kana irraa mammaaksa gowwummaa
fayyadamanii namni kamuu gowwoomee waan dalagamuun irra hin jirreefi bu’aa hin
argamsiisne raawwachuu irraa akka of qusatu, akkasumas kan darbe dhiisee kan dhufu akka
abdatuuf qajeelchuun kan danda’amu ta’uun isaa hubatameera.
4.4.3 Ceepha’uuf
Afgaaffiifi mare garee xiyyeeffannoo Waxabajjii 7fi8 bara 2015 taasifameefiin odeefkennitoonni
yaada kennaniin nama gahumsa homaatuu osoo hin qabaatin nama gahumsa yookaan dandeettii
waa dalaguu qabu of fakkeessu, gahumsa barbaadame osoo hin qabaatin afaaniin haasa’uun isaa
gowwummaa akka ta’e itti himanii ceepha’uuf akka gargaaru himaniiru. Kana malees nama
karoora mataa isaa hin qabne garuma namni biraan qabetti qabamu qeequuf mammaaksi
gowwummaa kan fayyadu ta’uu odeefkennitoonni kunneen dubbataniiru. Fakkeenyaaf, Eega
kooraa dadhabee fardummaa maaltu jira eega dubbii dadhabee gamnummaa maaltu
jira.Gowwaafi bishaan gara itti jallisanitti goru. Yaada odeefkennitootaa kanarraa mammaaksa

26
gowwummaatti fayyadamuun dubbiifi gochaa hin taane, akkasumas nama karoora mataa isaa
malee jiraatu ceepha’uun kan danda’amu ta’uun isaa hubatameera.
4.4.4 Booree Namatti Horuuf
Odeeffannoo odeefkennitoonn afgaaffiifi mare garee xiyyeeffannoo taasifameefiin kennaniin
nama hojii kamuu osoo hojjechuu danda’uu maal akka hojjetuufi akkamitti akka hojjetu,
akkasumas namni kan biraa akka hojii hin hojjenneef danqaa itti ta’u gowwummaa kana keessaa
bahee akka hojii hojjetuuf booree itti horuuf mammaaksi gowwummaa akka fayyadu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf, Raatuun raatoftee nama raatessiti.Yaada odeefkennitoota olitti dhihaate kanarraa
mammaaksa gowwummaa fayyadamnee booree namatti horuu akka dandeenyutu hubatame.
4.4.5 Araaraaf
Afgaaffiifi mare garee dhihaateefii odeefkennitoonni yaada kennaniin namoota waldhaban
araarsuu keessatti mammaaksi gowwummaa shoora guddaa akka qabu ibsaniiru. Fakkeenyaaf,
Tokko dubbachuun gamnummaadha, keessa ooluun gowwummaadha. Mammaaksa kanaan
namoota lamaan waldhaban keessaa tokko dubbii dhiisuu didee yoo deddeebi’ee dubbachuu
baay’ise hojiin isaa sirrii akka hin taane hubachiisanii yaada isaa jijjiirsisuun araara buusuun
kandanda’amu ta’uu isaatu hubatame. Yaada odeefkennitoota olitti fakkeenyaan deggeramee
dhihaate irraa mammaaksa gowwummaatti fayyadamanii namoota waldhaban araarsuun kan
danda’amu ta’uun isaa hubatameera.

4.4.6 Alagaan Akka Nama Miidhu Ibsuuf


Odeeffannoon odeefkennitootarraa argame akka ibsutti mammaaksi gowwummaa namoota wal
dhaban araarsuu keessatti gahee guddaa qaba. Namni firasaafi diinasaa adda baasee beekuu akka
qabu, akka malee alagaa wajjin jiraachuun gowwummaa miidhaaf nama saaxilu ta’uu isaafi kkf
mammaaksa gowwummaatti fayyadamanii ibsuun akka danda’amu odeefkennitoonni kunneen
himaniiru. Fakkeenyaaf, Harree gowwaan waraabessa geggeessiti.Mammaaksa kanarraa harreefi
waraabessi waliif diina.Waraabessa geggeessuun ishee immoo gowwummaa boodarra
lubbuushee dabarsuudha. Dhaamsi mammaaksa kanaa namoonni diina isaanii adda baafachuu
dadhabanii wajjin deeman, waliin bulan, walumaa gala waliin jireenya hawaasummaa
geggeessan boodarra miidhaan hanga lubbuu isaanii dabarsuutti gahu irra gahuu kan danda’u
27
ta’uudha. Yaada odeefkennitootaa olitti bal’inaan dhihaate kanarraa mammaaksi gowwummaa
alagaan akka nama miidhu hubachiisuuf kan gumaachu ta’uun isaa hubatameera.
4.5 Mammaaksi Gowwummaa Akka Hin Badneef Waan Ta’uu Qabu
Mammaaksa gowwummaa qaaccessuun ka’umsa qorannoo kanaa waan ta’eef namoonni afoola
kana irratti hubannoo qabaachuu akka qabaniifi warri qabanis mammaaksa gowwummaa kana
gama garaagaraan qaaccessuun dhaloota itti aanuuf akka madda odeeffannootti akka ol kaa’an
gochuuf karaa Waajjira Aadaafi Tuuriziimii hojii bal’aan hojjetamuu akka qabu kan
hubachiisuudha.
Walumaagalatti, odeeffannoon afgaaffiifi marii gareetiin argame akka mul’isutti maalummaa
mammaaksa gowwummaa, qabiyyee mammaaksa gowwummaa kanneen akka barsiisuu, gorsuu,
qajeelchuu, ceepha’uu, booree namatti horuu, araarsuu, miidhaa alagaa mul’isuufi kkf ,
yoomessa mammaaksi gowwummaa keessatti mammaakamuufi faayidaan mammaaksi
gowwummaa baruufi barsiisuu keessatti qabu qaacceffameera. Qaaccessa taasifameenis
mammaaksa gowwummaa haalaan itti fayyadamuun hafee beekumsa isaa qabaachuun namoonni
odeeffannoo waa’eesaa gahumsaan kennan illee lakkoofsaan muraasa ta’uutu hubatame. Kun
immoo mammaaksi gowwummaa yeroo ammaa akkuma mammaaksota kanneen biroo /fakkaataa
barbaachisaa ta’een faayidaarra oolaa jiraachuu dhabuu isaafi baduuf karaa qabachuu isaa
agarsiisa. Kanaaf, mammaaksi gowwummaa gosa afoola Oromoon bal’inaan dubbii gabaabsuuf,
mi’eessuufi miidhagsuun itti itti fayyadamu keessaa tokko waan ta’eef, akkasumas gosa afoolaa
kam iyyuu caalaa jireenya uummata Oromoo wajjin waan wal qabatuuf badiisa irraa oolchuuf
gama garaagaraatiin qoratamuun kan galmeeffamee dhalootaaf dabarfamuu qabuudha.

BOQONNAA SHAN: CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO


5.1 Cuunfaa
Mammaaksi gowwummaa gooroowwan fookiloorii keessaa afoola jalatti kan ramadamu ta’ee,
kan namoonni waliin dubbii isaanii keessatti fakkaattii dhimma haasaa isaanii gabaabsanii
dhiheessuudhaan ergaa bal’aafi dheeraa walitti qabanii nama biraaf yookaan walii isaaniif ittiin
dabarsaniidha.Mammaaksi gowwummaa bakka namoonni lama yookaan lamaa ol jiranitti
mammaakama.

28
Mammaaksi gowwummaa yoomessa inni keessatti mammaakamu gama bakkaafi yerootiin yoo
ilaalle bakkaafi yeroo kamittuu mammaakamuu kan danda’u ta’ee gama haala inni
mammaakamuufiin yoo ilaalle garuu, yoo namni waan isa miidhutti dhihoo ta’u, yoo maatiin
ijoollee isaanii naamusaan ala guddisan, namni qusannaa yoo wal’aalu, namni firaafi diinasaa
adda baasuu yoo dadhabu, waan yeroo isaa hin taane yoo raawwatamu, yoo namni dubbii tokko
keessa oolu, yeroo araaraafi kkf kan mammaakamuudha.
Mammaaksi gowwummaa faayidaa garaagaraa akka gorsuu, barsiisuu, ceepha’uu, booree
namatti horuu, namoota wal dhaban araarsuu, namni firaafi diinasaa akka adda baafatee beeku
taasisuufi kkf qaba.
Walumaagalatti, maalummaa mammaaksa gowwummaa, yoomessa inni keessatti
mammaakamu, faayidaa isaafi kkf irratti odeeffannoon mala garaagaraatiin walitti qabamuun
ibsi itti kennamee qaacceffamuun qorannoon kun geggeeffameera.
5.2 Argannoo
Qorannoo adeemsifame kanaan argannoowwan bira gahaman:
 Mammaaksi gowwummaa afoolleewwan Oromoo keessaa tokko ta’ee namoota hawaasa
keessatti yaada gowwummaa qabaniifi hojii gowwummaa hojjechuun ofii isaanii irra
darbanii nama kan biraa qaanessaniif jechootaafi himoota gaggabaaboo ergaa bal’aa
baataniin kan mammaakamuudha. Haa ta’u malee hawaasa aanaa Hawwaa Galaan biratti
babal’ina teekinoolojii akka biyyaatti jiruufi abbootiin afoolatti haalaan fayyadamuu
dhiisuu irraa kan ka’e maanguddoonni hedduun isaanii mammaaksa dubbii isaaniin
walsimsiisanii fayyadamuu dadhabuun bira gahameera.
 Mammaaksi gowwummaa qabiyyeewwan yoomessaa keessaa bakkaafi yeroo kamittuu
mammaakamuu kan danda’uufi haalaan haalota kanneen akka dhiirri gadaantummaa yoo
mul’isu, namni qusannaa yoo wal’aalu, namni balaatti dhihoo yoo ta’u, maatiin ijoollee
seeraan ala yoo guddisaniifi kkf kan mammaakamu ta’uutu bira gahame.
 Maanguddoonni yookaan namoonni umuriin deeman irra jireessi isaanii beekumsi isaan
waa’ee mammaaksaa irratti qaban gadaanaa waan ta’eef qaaccessa mammaaksaa irratti
namoonni odeeffannoo gahaa kennuu danda’aniifi dhaloota barsiisuu danda’an
gahumsaan argachuun akka hin danda’amne bira gahameera. Kanaan walqabatee
mammaaksi gowwummaa yeroo ammaa itti fayyadamni isaa xiqqaa ta’uufi dhaloonni
haaraan boodaan dhufan beekumsa homaa gosa afoolaa kana irratti hawaasa keessaa akka
barbaadametti argachaa akka hin jirre bira gahameera.

29
 Mammaaksi gowwummaa barattoonni yeroo isaaniitti haalaan akka fayyadaman, gorsa
barsiisotaafi maatii isaanii dhagahuun kallattii sirrii akka qabaatan, waan umurii isaanii
baratummaatti hojjetan hojii barnootaa irratti akka xiyyeeffataniifi kkf barsiisuun
adeemsa baruufi barsiisuu keessatti gumaacha guddaa akka taasisutu bira gahame.
 Dhalootni itti aanu mammaaksa gowwummaatti akka fayyadamuuf gama Waajjira
Aadaafi Tuuriziimii aanichaa, namoota dirree barnoota afaaniifi ogbarruurraa hojjetaniifi
maanguddoota muraasa hubannoo qabaniin gosa afoolaa kanarratti hojiinhubannoo
uumuu akka hin hojjetamne bira gahameera.
5.3 Yaboo (Yaada Furmaataa)
Qorattoonni qorannoo kana irratti hundaa’uun mammaaksi gowwummaa karaalee garaagaraa
qaacceffamuun ibsamuu akka danda’u hubataniiru. Argannoo qorannicharraa argame
bu’uureffachuunis qabiyyee mammaaksa gowwummaa irratti yaboo(yaada furmaataa) akka
armaan gaditti tarreeffameen kaa’aniiru.
 Hawaasni aanichaa gooroo afoolaa kanaatti akkaataa barbaachisummaa isaatti
maanguddoota fayyadaman baay’inaan argachuu baatus, maanguddootuma muraasa jiran
irraa beekumsa afoola kanaa argachuufi maanguddoonni kanneen biroonis muuxannoo
horatanii afoola kana dhalootaaf akka dabarsan taasisuun barbaachisaadha.
 Mammaaksa gowwummaa akkaatama amalaafi hojii gowwummaa mul’ateen
walsimsiisanii mammaakuun barbaachisaadha.
 Mammaaksi gowwummaa akka hin badneef dhalootni haaraan maanguddoota
muraasa odeeffannoo bilchaataa kennuu danda’aniifi barsiisota afaaniifi
ogbarruurraa, akkasumas waajjira Aadaafi Tuuriziimiirra odeeffannoo gosa
afoolaa kanarratti walitti qabachuun wal barsiisuun barbaachisaadha.
 Dhimmamtoonni barnootaa marti keessumaa barsiisonni mammaaksa gowwummaatti
fayyadamanii barattoonni gowwoomanii yeroofi baajata isaanii akka hin qisaasessine,
kaayyoo isaanii akka hin dagannefi kkf taasisuun barbaachisaadha.
 Hawaasni aanichaa sababa babal’ina teekinoolojiitiin abbootii afoola kanatti haalaan
fayyadaman akka hin dhabneef, akkasumas maanguddoonni hedduun mammaaksa
fayyadamanii dubbii isaanii akka mi’eessaniif gama Waajjira Aadaafi Tuuriziimii
aanichaatiin hojiin hubannoo uumuu hojjetamuun gaarii ta’a.

30
Wabiilee
Abbabee Tolasaa (2014). Qaaccessa Mararoo Guyyaa Fuudhaafi Heerumaa Godina
Qellem Wallaggaa Aanaa Gawoo Qeebbee. Yuunivarsitii Dambi Doolloo
( Barruu Qorannoo Hin Maxxanfamne (MA Thesis))
Addunyaa Barkeessaa (2013). Semmoo: Bu'uura Barnoota Afaaniifi Afoola Oromoo.
Max.6ffaa. Finfinnee: Efficient Press.
Asaffaa Tuuchoo(2007). Gumaata. Finfinnee: Far East Trading PLC.

31
Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaa ( 2007 ). Seenaafi Sirna Gadaa Oromoo Maccaa
Hanga Jalqaba Jaarraa 20ffaatti. Finfinnee: Bole Printing Enterprise.
Biraanuu Maatiwoos (1993). Fundamentals Of Literature. Addis Ababa: Addis Ababa
University Press.
Fedhasaa Taaddasaa (2019). Bu'uuraalee Ogbarruu Oromoo. Finfinnee: ADP Press.
Fiixee Birrii.(2005). Seenaafi Aadaa Oromoo Wallaggaa. Dambi Doolloo, Itoophiyaa. :
YDCS Media.
Filee Jaallataa (2011). Maalleen Qorannoo. Finfinnee: ADP Printing.
Mahaammad Yuusuf (2014). Qaaccessa Mammaaksa Diinummaa Mul’isanii Godina Harargee
Lixaa Aanaa Odaa Bultum. Yuunivarsiitii Haramayaa (Barruu Qorannoo Hin Maxxanfamne)
Rabbirraa Tarrafaa (2010). Gadaa: Barnoota Afaan Oromoo. Finfinnee.Itoophiyaa: Far
East Trading PLC.
Tashoomaa Balaayinaa (2001). Ogbarruu Oromoo, "Hidhaa Tokkoffaa Barnoota Walitti
Fufaa". Yuunivarsiitii Jimmaa.
Waldayohaannis Warqinaaf Gammachuu Malkaa.(2005). Seenicha Suukanneessaa Barri
Dhokse. Finfinnee:Aster Nega PLC.
Wasanee Bashaa( 2013). Qorii Hambaa. Finfinnee: ADP Printing Press.
Zawudituu Mazammir (2006). Barruulee Qormaata Waaltina Afaan Oromoo.Finfinnee:
AM Printing & Packaging PLC.

DABALEE A:- AFGAAFFII


Yuunivarsiitii Dambi Doolloo
Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa
Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu

32
Afgaaffiin kun qorannoo mata dureen isaa “Qaaccessa Mammaaksa Gowwummaa” jedhu kan
Naannoo Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Hawwaa Galaan keessatti qorannoo itti
guutiinsa digirii tokkoffaa Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu irratti geggeessuuf afgaaffii
dhihaateedha.
Kabajamoo odeefkennitootaa, qorannoo kana adeemsisuu keessatti odeeffannoo isin nuuf
kennitan murteessaadha.Hanga isinii danda’ametti odeeffannoo ifaafi guutuu nuuf kennuun akka
nu deggertan kabajaan isin gaafachaa, deggersi keessan fiixaan bahiinsa qorannoo keenyaatiif
murteessaa waan ta’eef, duraan dursa yeroo keessan aarsaa gootanii asitti nuuf argamuu
keessaniif isin galateeffanna.
1. Mammaaksi gowwummaa maali?
2. Mammaaksi gowwummaa yeroo akkamii mammaakama?
3. Akka aanaa keessaniitti itti fayyadamni mammaaksa gowwummaa maal fakkaata?
4. Mammaaksi gowwummaa akka waliigalaatti faayidaa maalii qaba? Adeemsa baruufi
barsiisuu keessatti hoo?
5. Mammaaksi gowwummaa akka hin badneef maaltu ta’uu qaba?

DABALEE B:- MARII GAREE XIYYEEFFANNOO


Yuunivarsiitii Dambi Doolloo
Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa

33
Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu
Mariin garee xiyyeeffannookun qorannoo mata dureen isaa “Qaaccessa Mammaaksa
Gowwummaa” jedhu kan Naannoo Oromiyaa Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Hawwaa
Galaan keessatti qorannoo itti guutiinsa digirii tokkoffaa Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu
irratti geggeeffamuuf odeeffannoo walitti qabuuf qophaa’ee kan dhihaateedha.
Kabajamoo odeefkennitootaa, qorannoo kana adeemsisuu keessatti odeeffannoo isin nuuf
kennitan murteessaadha.Hanga isinii danda’ametti odeeffannoo ifaafi guutuu nuuf kennuun akka
nu deggertan kabajaan isin gaafachaa, deggersi keessan fiixaan bahiinsa qorannoo keenyaatiif
murteessaa waan ta’eef, duraan dursa yeroo keessan aarsaa gootanii asitti nuuf argamuu
keessaniif isin galateeffanna.
1. Mammaaksa gowwummaa jechuun isin biratti attamiin ibsama?
2. Mammaaksi gowwummaa maal irratti hundaa’ee mammaakama?
3. Namni mammaaksi gowwummaa mammaakamuuf uummata biratti akka maaliitti
ilaalama?
4. Jiruufi jireenya uummataa keessatti mammaaksi gowwummaa faayidaa maal maal qaba?
5. Akka aanaa keessaniitti itti fayyadamni mammaaksa gowwummaa yeroo ammaa maal
fakkaata?
6. Mammaaksi gowwummaa akka hin badneef maaltu ta’uu qaba?

DABALEE C:- MAQAA ODEEFKENNITOOTAA

34
Kutaan kun qorannoo keenyarratti namoota odeeffannoo karaa afgaaffiifi marii garee
xiyyeeffannoo nuuf kennan ibsa.
Lakk. Maqaa Saala Umurii Ganda Gahee hojii
1 Mulgeetaa Asaffaa Dhi 40 Keellaa B/saa
2 Maammoo Jiraataa Dhi 55 G/Waachoo Q/Bulaa
3 Isaayyas Mardaasaa Dhi 60 Keellaa Q/Bulaa
4 Margee Nagaasaa Dha 51 G/Waachoo Q/Bultuu
5 Abdannee Cawwaaqaa Dhi 56 Keellaa Q/Bulaa
6 Jiraannee Caannaaloo Dha 50 G/Waachoo Daldaltuu

35
36

You might also like