You are on page 1of 97

I

XIINXALA QABIYYEE SIRBA HEELLEE: OROMOO HARARGEE


BULCHIINSA MAGAALAA DIRREE DHAWAA QAACCESSUU

QORANNOO SAGANTAA BARNOOTA DIGRII LAMMAFFAA(MA)

ALIYYII ABDULLAAHI

CAAMSAA, 2021

YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA, HARAMAAYAA


II

Xiinxala Qabiyyee Sirba Heellee: Oromoo Harargee Bulchiinsa


Magaalaa Dirree Dhawaa Qaacceessuu

Qorannoo Barnoota Digrii Lammaffaa(MA) Muummee Afaan Oromoo,


Ogummaafi Qunnamtiif Dhiyaate. Daarektoreetii Barnoota Sagantaa
Digrii Lammaffaa

Yuunivarsiitii Haramaayaa

Ulaagaa Itti Guuttannaa Gartokkee Digrii Lammaffaa Afaan Oromoofi


Oguma Barsiisuutiin(MA)

Aliyyii Abdullaahii Ra’uuf

Caamsaa, 2021

Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa


III

Yuunivarsiitii Haramaayaa

Daareektooreetii Sagantaa Barnoota Digrii Duraan Boodaa

Akka miseensa boordii qortoota sagantaa barnoota digirii duraan boodaa (MA)tti,
waraqaa qorannoo barataa Aliyyii Abdullaahii Ra’uufiin madaalamee qophaa’eedha.
Akka qorataatti waraqaan kun unkaa qorannoo sagantaa barnoota digrii duraan boodaa
Afaan Oromoofii Oguma barsiisuu niguuta jedhee mirkaneessee jira.

Maqaa Barataa: Aliyyii Abdullaahii Ra’uuf Mallattoo________Guyyaa_________


Maqaa gorsaa ijoo _________________________ Mallattoo _______Guyyaa ________
Maqaa gorsaa aantee________________________Mallattoo ______Guyyaa _______
IV

IBSA QORATICHAA

Ani qorataan maqaafii mallattoon koo armaan gaditti eerame, kun hojii dhuunfaa koo
kanaan dura Yuniivarsiitii kamiyyuu keessatti qorannoo eebbaatiif kan hindhiyaanne
ta’uu isaafi wabiileen qorannoo kanaaf dubbisee irraa fayyadame hundumaayyuu
qorannoo koo keessa kaahuu koo mallattoo kootiin nan mirkaneessa.

Maqaa: Aliyyii Abdullaahi


Mallattoo: _____________
Guyyaa: _______________
V

SEENAA QORATICHAA

Ani maqaan koo Aliyyii Abdullaahii Ra’uufiin jedhama. Abbaa koo Abdallaahii
Ruufeetiifi Haadha too Aashaa Rashiid irraa bara 1986tti Godina Harargee Bahaa Aanaa
Fadis, Araddaa Malkaa Ganda Saddiiq jedhamuttiin dhaladhe. Yeroo umriin koo
barumsaaf gahu, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Ifaadiiniifi Arablij iddoolee
jedhamaniittiin baradhee. Sana booda gara magaalaa Dirree Dhawaa dhufuudhaan kutaa
shanii kaasee hammaa kudhaniitti manneen barumsaa kanneen akka: Ganda Garaadaa,
Laga Harree, Saabbiyaanittiin baradhe. Magaalaa Hararitti kutaa kudha tokkoofi kutaa
kudhalama mana barumsaa sadarkaa lammaffaafi qophaa’ina Juneeritti barachuun bara
kuma lama hanga kuma lamaafi lamaatti barumsa olaanaa Yuunivarsiitii Haramaayaatti
digrii jalqabaa barnoota Afaan Oromootiin eebbifame. Ammaaf hojii barsiisummaa
qabadhee, mana barumsaa sadarkaa lammaaffaafi qophaa’ina Dirree Dhawaatiin barsiisaa
jira.
VI

GALATA

Rabbii uumaafi uumamaa waa hundaa; kan beekkumsaafi dandeettiin isaan male, hojii
kiyya kana akkaan jalqabee xumuru fayyaafi humna guutuu naaf kennee na gargaaree
asiin nagaheef, Rabbii kiyya galanni keeti.

Kanatti aansee adeemsaafi kallattii raawwii hojii kootii hordofuudhaan bakkaan


karaarraa maqeetti daandii sirriitti na deebisaa, oggummaafi dandeettii qabuun hifannaafi
dadhabbii tokko malee na qajeelchaa kan ture: kabajamaa fi jaalatamaa gargaaraa
piroofeesaraa; barsiisaafi gorsaa kiyya Obbo Mahaammad Abdootiif umrii fi fayyaa
guutuu rabbiin kenneefi bakka jirutti naaf haa tursiisu.

Kanamalees, gorsaa aantee qorannoo kiyyaa kan ta’e kabajamaafi jaalatamaa barsiisaa
kiyyaa Dr. Imaanaa Bayyanaa laffaatiifi bu’aa bahii hangana jedhamneen dogoggora naaf
sirreessaa, kallattii naqabsiisuu keessaniif seenaan barabaraan isin haa yaadatu.

Itti aansudhaan Haadhaafi Abbaa koo kan osoo hin baratin na barsiisanii sadarkaa kanaan
nagahuuf na bira dhaabbachaa turan, kaniin galata isaanii ofirraa kafalee fixuu hin
dandeenye rabbiin urmii dheertuufi qananii jannataa isiniif naaf haa kennu.

Dabalataanis, maatii koo Haadha Singitan Aliyyii fiNimoonaa Aliyyii, Aadde Maftuhaa
Ibraahim Alii fi dubrii tiyya, Aadde Aaminaa Alii bu`aa bahii fi dararama nawaliin
qooddachuu keessaniif galanni keessan jannata.

Akkasumatti, Fu’aad Aadamiifi Obboleeyyan, hundi keessanuu karaa humni keessan


danda’uun na bira dhaabbachaa turtan naaf jiradhaa.

Addatti qorannoo kanaaf, odeeffannoo ragaalee namoonni naaf gumaachitan galata


keessaniif seenaan isin haa yaadatu.

Dhumarratti, waajjira Aadaa fi tuuriizimii, barsiisota Afaan Oromoo, waan tokko tokko
na gargaaruu keessaniif galanni keessan guddaadha.
VII

HIIKA JECHOOTAA

Adaduma adeemsuma, lakkuma


Ayaa yaadannoo gafa dulloomanii
Azeebummaa umrii joollummaa, dargaggummaa
Boohartii sirbaan taphatanii wal hamilchuu
Buchuma buqqee yeroo fuudhaa aanan itt naqan, minaa
Dagalee gargaartuu, tan haatii hara itti baafattu
Dhihana dhangaa nyaataa, soorata
Falaka haala yeroo
Gashaantii intala dubra tahaa jirtu
Gadhee kan eega fuudhee sirbaaf deemu
Gabbara guduunfaa, kennaa warra intalaaf kennamu
Golollee marsaa sirba heellee, geengoon sirbuu
Gumureeyyii baranoo, guftaa , tan ilmoo takkaa ol qabdu
Hadasoo gosa mukaa
Hagaggaraa gosa citaa kan safiin dhahamu,wiixaa,sutaafi migiraa
Handaara faaya miidhaginaa, kuula jibriirraa dalagamu
Marartee waan itti dhagahamee ibsachuu
Maqoo kophaa waliin bahuu
Moosina umrii dargagummaa
Muraada bultii, hiree fuudhaa heerumaa
Muuyraa fandisha, gosa bishingaa
Namooma aalumtii, nama waan ta’eef gargaarsa godhamu
Nikaa raga jaarsaa jaartummaa mirkaneessuu
Qalawaa diimaa jecha afaaniitiin walfaarsuu, wal arrabsuu
Saakayyoo gosa haramaa urgaawaa yeroo fuudhamata suuqqatan
Saksaka sochii qaamaa, lulachuu
Sayyoo garba, galaana bishaanii
Sissi’eessaa mimmi’eessaa
Sonaan haalaan, akkaan
VIII

AXEERARAA

Qorannoon kun mata duree, Xiinxala Qabiyyee Sirba Heellee: Oromoo Harargee
bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa qaacceessuurratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon
qorannoo kanaa afoolli sirba heellee kan hawaasni afaaniin dhalootarraa dhalootatti
waliif dabarsaa dhufe kun dhawaata teeknooloojiin guddachaachaa deemuun
dubartoonni xixiqqaan aadaa qulqulluu ganamaa guddisuu caalaa, aadaa bahar
gamaatiin walitti makanii fayyadamuurraa kan hafe afoola hawaasaa isa sirriitti
gargaaramuurratti laaffinaafi hanqinni ni mul’ata yaada jedhu kan ibsuudha.
Kanumarraa ka’uun qoratichi; wanti afaan qofaan jiru irraanfatamuu waan danda’uuf
jecha afoolli kun barreeffatti jijjiiramee namoonni dubbisanii akka waa irraa hubatan
gochuudha. Kana malees namoota qorannoo kanaan walfakkaaturratti qorannoo
gaggeessuu barbaadaniif akka madda ragaatti ni fayyada. Malli qorataan qorannoo
kanaaf itti gargaarame mala akkamtaa yoo ta’u, Kunis, qorannichi qorannaa
qulqullinaatti dhimma bahee jira. Ragalee fi odeeffannoon adeemsa qorannoo
qulqulinaatiin funaannamanii qindaa’an, xiinxalamanii dhiyeessuuf, ragaaleen walitti
qabaman bifa qorannicha ibsuu danda’aniin qoqqoodamanii ibsamanii jiru. Iddattoonni
qorannichaas mala akkayyoofi darbaa dabarsaatiin kan filatamaniidha. Maddi ragaalee
qorannaa kanaas kallattumaan haawwan keessaa, namoota sirba heellee ni beekan
jedhaman filachuun odeef-kennitoota filataman kanaaf: gaaffiilee afgaaffii fi marii garee
waliin taasisuun qorannaan kun gaggeeffamee jira. Akkasuma, hojii ijoo qorannichaa
kan ta’e, qaaccessi sirba heellee, kaayyoowwan gooree qorannichaa faana bu’uun kan
qaacceffamaniidha. Afoolli sirba heellee hanga har’aatti afaanuma qofaan dhalootaa
dhalootaatti dabraa kan dhufe ta’us, haawwanii fi shamarran xixiqqaa biratti garaa
gaummaan faaruufi sochii isaa kan mullatuudha.Kunis shamarran xixiqqaa biratti
afoolli kun darbee darbee sochii fi faaruun isaa aadaa bahar-gamaatiin walkeessa
makuun kan sirbamaa jiruudha. Garuu, yeroo ammaa sirba heellee kana haawwan irraa
baratanii aadaa sirrii irraa dhaalanii sirbuu irratti shamarran xixiqqaa biratti laaffinni
waan mul’atuuf, kun sadarkaa isaa gad buusaa jira. Kanaafuu, qaamni dhimmi ilaallatu,
keessaafuu, namoota qorannoo hojjattanii fi kitaaba barreessuuf fedhii qabdan
akkasumas, waajjirri aadaafi turiizimii barsiisota afaanii dabalatee afoola kanarratti
ciminaan osoo xiyyeeffannaa kennanii fi qoratanii baay’ee gaariidha.
IX

BAAFATA

QABIYYEE……………………………………………………..……………………………Fuula
IBSA QORATICHAA ....................................................................................................................................... IV
SEENAA QORATICHAA ................................................................................................................................... V
GALATA ........................................................................................................................................................ VI
HIIKA JECHOOTAA ....................................................................................................................................... VII
AXEERARAA ................................................................................................................................................ VIII
1. SEENSA ...................................................................................................................................................... 1
1.1. Seenduubee Qorannichaa ................................................................................................................... 1
1.2. Ka’uumsa Qorannichaa ...................................................................................................................... 3
1.3. Gaaffilee Qorannichaa ....................................................................................................................... 4
1.4. Kaayyoowwan Qorannichaa ............................................................................................................. 4
1.4.1. Kaayyoo Gooroo ......................................................................................................................... 4
1.4.2. Kaayyoo Gooree ......................................................................................................................... 4
1.5. Barbaachisummaa Qorannnichaa ...................................................................................................... 5
1.6. Daangaa Qorannichaa ........................................................................................................................ 5
1.7. Hanqina Qorannichaa......................................................................................................................... 6
2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMINAA ..................................................................................................... 7
2.1. Maalummaa Afwalaloo Sirbaa........................................................................................................... 7
2.2. Faayidaa Afwalaloo Sirbaa ................................................................................................................ 9
2.3. Gosoota Afwalaloo Sirbaa ............................................................................................................... 10
2.4. Sirba Heellee .................................................................................................................................... 11
2.5. Gosoota Sirba Heellee..................................................................................................................... 12
2.5.1. Sirba Heellee Haawwan Gurguddaa ......................................................................................... 12
2.5.2. Sirba Heellee Haawwan Gumureeyyii ...................................................................................... 13
2.5.3. Sirba Heellee Shamarran Xixiqqaa .......................................................................................... 13
2.6. Hirmaattota Sirba Heellee ................................................................................................................ 15
2.7. Yoomeessa Sirba Heellee................................................................................................................. 15
2.8. Gosoota Yaadiddamoota .................................................................................................................. 17
2.8.1. Yaadiddama Faayidaa ............................................................................................................... 17
2.8.2. Yaadiddama Irra Deebi`anii Ijaaruu.......................................................................................... 18
2.8.3. Yaadiddama Aadaa Bu`ureeffate .............................................................................................. 19
X

2.8.4. Yaadiddama Aadaa Hawaasaa .................................................................................................. 20


2.9. Barruu Walfakkii ............................................................................................................................. 20
3. XIIN MALA QORANNICHAA ..................................................................................................................... 22
3.1. Saxaxa Qoranichaa........................................................................................................................... 22
3.2. Ibsa Naannnoo Qorannichaa ............................................................................................................ 22
3.3. Madda Ragaalee Qorannichaa ......................................................................................................... 25
3.4. Iddattoofi Mala Iddatteessuu............................................................................................................ 25
3.4.1. Iddattoo ..................................................................................................................................... 25
3.4.2. Mala Iddatteessuu ..................................................................................................................... 25
3.5. Meeshaalee Funaansa Ragaalee ....................................................................................................... 26
3.5.1. Af-gaaffii................................................................................................................................... 26
3.5.2. Hub-Daawwannaa ..................................................................................................................... 27
3.5.3. Marii Garee ............................................................................................................................... 27
3.6. Mala Qaaceessa Ragaalee ................................................................................................................ 28
3.7. Naamusa Qorannoo .......................................................................................................................... 28
4. DHIHEESSAA FI QAACCEESSA RAGAALEE ............................................................................................... 29
4.1.Qabiyyeewwan Faaruu Sirba Heellee Kan Haalarratti Hundaahuun Qoqqoodamanii Ergaa
Dabarsan ................................................................................................................................................. 30
4.1.1. Faaruu Sirba Heellee Afeerraa Gumaataa ................................................................................. 30
4.1.2. Fuuruu Sirba Heellee Warra Soddaaf / Soddoowwaniif Sirbamu............................................. 33
4.1.3. Faaruu Sirba Heellee Balaaleeffannaaf Sirbamu ...................................................................... 36
4.1.4. Faaruu Sirba Heellee Hojii Misoomaaf Sirbamu ...................................................................... 38
4.1.5. Faaruu Sirba Heellee Gootummaaf Sirbamu ............................................................................ 39
4.1.6. Faaruu Sirba Heellee Quurramaa/ Mufannaaf Sirbamu/ ........................................................... 42
4.1.7. Faaruu Sirba Heellee Eenyummaaf Sirbamu ............................................................................ 43
4.1.8. Faaruu Sirba Heellee Heera Bulmaata Oromoo ........................................................................ 45
4.1.9. Faaruu Sirba Heellee Dhaammannaa Intala Heerumtuuf Sirbamu ........................................... 47
4.2.Qabiyyeewwan Faaruu Sirba Heellee Kan Dhimma Irratti Hundaahuun Qoqqoodamanii Ergaa
Dabarsan ................................................................................................................................................. 50
4.2.1. Faaruu Sirba Heellee Intala Heerumtuuf Sirbamu .................................................................... 50
4.2.2. Faaruu Heellee Gurbaa Fuudhuuf Sirbamu............................................................................... 52
4.2.3. Faaruu Sirba Heellee Haadha Intalaa jajjabeessuuf Sirbamu.................................................... 55
4.2.4. Faaruu Sirba Heellee Gurbaafi Intalaan Faarsan ...................................................................... 57
4.2.5. Faaruu Sirba Heellee Dhaamsa Gaggeeysaa Intalaaf Sirbamu ................................................. 59
XI

4.2.6. Faaruu Sirba Heellee Abbaa Intalaa ittiin qeeqan ..................................................................... 60


4.2.7. Faaruu Sirba Heellee Hiriyyoonni / Geelonni waljaalatu Waliif Sirban ................................... 62
4.3. Kaayyoon Sirbi Heellee Hawaasa Keessatti Sirbamuuf .................................................................. 65
4.3.1. Hawaasa Giddutti Jaalala Uumuuf ............................................................................................ 65
4.3.2. Hawaasa giddutti Dammaqina / hubannaa uumuuf................................................................... 66
4.3.3. Hawaasni Barumsa Barachuu Akka Qabu Fedhii Itti Uumuuf ................................................ 67
4.4. Gumaachi Sirbi Heellee Ijaarsa Hawaasummaa, Diinagdeefi Siyaasa Utubuu Keessatti Qabu ...... 68
4.4.1. Gama Ijaarsa Hawaasummaatiin ............................................................................................... 68
4.4.2. Gama Ijaarsa Diinagdeetiin ....................................................................................................... 68
4.4.3. Gama Ijaarsa Siyaasaatiin ......................................................................................................... 69
5. GUDUUNFAA, ARGANNOO FI YABOO ..................................................................................................... 71
5.1. Guduunfaa ........................................................................................................................................ 71
5.2. Argannoo.......................................................................................................................................... 74
5.3. Yaboo ............................................................................................................................................... 75
WABIILEE ..................................................................................................................................................... 77
DABALEEWWAN................................................................................................................................. 79
DABALEE - A .................................................................................................................................... 79
DABALEE– B .................................................................................................................................... 80
DABALEE:-C ..................................................................................................................................... 81
1

1. SEENSA

1.1. Seenduubee Qorannichaa

Dhalli namaa kamiyyuu osoo barreeffamaan yaada isaa ibsachuu hineegalin dura: ergaa,
yaadaa fi fedhii isaa akkasumas, jibba, jaalala, gadda, gammachuu fi amantii isaa
afoolaan ibsachaa ture. Dhalootaa dhalootattis, sagalee dubbii afaanii fayyadamuudhaan
walirraa dhaalaa waldhaalchisa dhalootatti dabarsaa kan dhufeedha. Afoolli kan hawaasni
tokko hambaa jiruufi jireenya isaanii kan ta’e aadaa, duudhaafi barsiifata qaban waliif
dabarsaa, walbarsiisaa itti as gahaniidha. Afoolli ibsituu aadaafi calaqqisiistuu
eenyummaa saba tokkooti. Kunis, hawaasni afoola isaa beekee akka itti fayyadamaa
tureefi ammas itti fayyadamaa jiru agarsiisa. Yaada kana ilaachisee Yaadannoo
Gaaromsaa (7:2014) yoo ibsu, “ Afoolli ibsituu, calaqqisiiftuu maalummaafi eenyummaa
saba tokkooti.” Jechuun faaydaa afoolaa ibsa. Kana jechuun ammoo,afoola beekuun
aadaa beekuu akka ta’eefi aadaa beekuun ammoo, maalummaa jiruufi jireenya dhuunfaafi
hawaasaa beekuu akka ta’e adda baasee kan ibsuudha.Yaada kana Geetaachoo Rabbirraa,
(2009) yoo ibsu, “Afoolli beekkumsaafi amantaa aadaa hawaasichaa jechaafi sochii
afaanitiin dhalootaa dhalootatti kan dabarsuudha.” jechuudhaan maalummaa afoolaa
ibsee jira.

Afoola ilaalchisee Zarihuun Asfaaw, (1996:20) yoo ibsu, afoolli afaaniin kan dhiyaatu
ta’ee aadaa, safuu, seenaa, duudhaa, barsiifataafi kan kana fakkaatu aadaalee hawaasa
tokkoo labatarraa labatatti kan darbu akka ta’etti dhiyeessa. Kunis hawaasni jiruufi
jireenya isaanii afoolattii dhimma bahanii barreeffama tokko malee waliif dabarsaa
jiraachuu isaanii kan mirkaneessuudha.

Akkasumas, Fekade Azezze, (1991:11). Afoolli afaaniin kan darbu ta’ee, wantoota akka:
Mammaaksaa, afseenaa, raagoo, afwalaloo, hiibboo, durduriifi kan kana fakkaatankan of
keessatti hammatu ta’uu ibseera. Bu’uruma kanaan afoolli miidhagina gonfatee
jechootaan qindaa’ee afaaniin kan dhiyaatu ta’uu isaa hubachuun nidanda’ama.

Kanumaan wal qabatee, karaaleen afoolli ittiin darbu keessaa sirbi tokko yoo ta’u, innis
haala hawwachiisaa fi gammachiisaa ta’een walaloofi yeedala fayyadamuun afaanuma
qofaan walirraa dhaalaa kan dhufaniidha.
2

Yaada kana ilaalchisee, hayyuun Dorson, M.R. (1992:85) af-walaloo sirbaa akka
ibsutti,“Afwalaloon sirbaa uunkaa isaa qofaan osoo hin taane, haalli dabriinsa isaa adda
isa taasisa. Afwalaloon sirbaa kan dhalootarraa dhalootatti dabru barreeffamaan osoo hin
taane himamsaa afaaniitiin yookaan dalagaa bifa sirbaan, geerarsaan, faaruudhaan darba”.
Uunkaan walaloo barreeffamaa waliin tokko ta’ee walaloon barreeffamaa dhalootarraa
dhalootatti kan dabru barreeffamaan yoo ta’u, afwalaloon sirbaa immoo afaaniin kan
dabru ta’uu yaanni armaan olii nihubachiisa.

Akkaatuma yaada hayyuu kanaan walfakkaatuun faayidaa afoolli qabu keessaa tokko
aadaa ummataa ibsuu waanta’eef, gosa sirba afoola aadaa ummata Oromoo harargee
ibsan keessaa afoolli sirba heellee isa tokko. Afoolli sirba heellee kan dubartoonni jiruufi
jireenya isaanii keessatti rakkoofi balloo, akkasumas gaddaafi gammachuu isaanii kan
ittiin gaggeeffataniidha. Dabalataanis, afoola sirba heellee kana bu’aa bahii adda addaa
keessatti dubartoonni dhimmoota gara garaatiif kan itti fayyadamaniidha. Akkaatuma
kanaan, dubartoonni sirba heellee kana yeroo fuudhaafi heerumaa, yeroo ayyaanaatiifi
yeroo biroo kan taphatamuudha. Faaruun afoola sirba heellee kunis, miira hawaasaa
xiyyeeffannaa keessa galchuufi wantoota haala yeroo waliin wal qabatan ittiin ibsachuuf
kan itti gargaaramaniidha.

Afoola sirba heellee ilaalchisee Taaddala. O. Sanyii (2016) qorannoo isaa keessatti yoo
ibsu, “Weedduun heellee uummata Oromoo kan naannoo gubbaa qorichaa biratti heellen
dhalaadhaan yookaan hawwaniifi shamarranin weeddifama. Heelleen kan weeddifamu
guyyaa cidhaati. Yeroo inni weeddifamus gurbaan fuudhu mucayyoo mana warra intalaa
oggaa baafatuufi mana maatii isaa yeroo galfatu shammarran hiriyyoonni isheefi
dubarttoonni gaa’eela kanarratti argamaniin weeddifama. Gama gurbaa fuudhuutinis
mucayyoo fudhatee mana maatii isaatti yeroo galfatu shammarraniifi dubarttoota olla
gurbaa fuudheen weeddiffama. Heelleen weedduu jaalatamaadha. Keessattuu Oromoo
Harargee biratti afoola beekamaadha.” Jechuun heellee ibsee jira. Kunis kan agarsiisu,
Afoolli sirba heellee dubartoota qofaan yeroo fuudhaafi heerumaa kan weeddifamu akka
ta’e ragaa baha.

Ta’uus garuu, afoolli sirba heellee kan afaanuma qofaan hanga arraa dubartootaan
sirbamaa jiru kun barreeffama tokko malee daddarbaa kan jiruudha. Kanarraa ka’uudhaan
qorataan akka matadureetti, “ Xiinxala Qabiyyee Sirba Heellee: Oromoo Harargee
3

Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Qaaccessuu” jedhu irratti kan xiyyeeffatu


fudhachuudhaan qorannoo kana kan hojjateedha.

Walumaagalatti, yaadonni armaan olitti hayyoonni gara garaa afoola irratti dhiheessan
kanneen ilaalchisee, kan walitti dhihaatuufi kan yaadaan wal deeggaraniidha.
Dabalataanis afoolli Oromoo gosti isaa bal’aadha, waraabamee, qoratamee akka
salphaaatti kan dhumuu miti. Kanaaf, qorataan kuniis akaakuu afoolaa adda addaa jiran
kana keessaa akka mataduree qorannootti, “ Xiinxala Qabiyyee Sirba Heellee: Oromoo
Harargee Bulchinsa Magalaa Dirree Dhawaa Qaacceessuu,” jedhu fudhatee qorannoo
kana kan hojjateedha.

1.2. Ka’uumsa Qorannichaa

Sirbi heellee gosoota afoolaa kan hawaasa dubartootaa biratti, beekkamuudha. Garuu,
afoolli dubartootaa kan afaaniin darbaa tureefi ammas sirbamaa jiru kun shamarran
xixiqqaa biratti faaruun sirbamu laaffinarraa kan ka’e aadaa sirba warra birootiin
walkeessa makanii sirbuurratti hanqinni ballinaan kan argamuudha. Sirba heellee kana
tarii qorannoon yoo irratti gaggeeffame hawaasni afoola afaaniin darbaa jiru kana
barreeffamatti jijjiiruun akka dhaloonni dubbisanii waa irraa hubatan gochuun ni fayyada.

Kanumarraa ka’uun, qorataan xiyyeffannoo fi ka’uumsa qorannoo isaa, Xiinxala


Qabiyyee Sirba Heellee: Oromoo Harargee Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa
keessatti argaman qaacceessuu, mata duree jedhu fudhatee kan qorannoo kana
hojjateedha. Sababoonni gurguddoon qorataan mataduree kanarratti qorannoo akka
hojjatu isa taasisan keessaa hangafoonni: afoolli sirba heellee haawwan gurguddaafi
haawwan gumureeyyii biratti malee, shamarran olguddachaa jiran biratti faaruufi
maalummaan isaa irraanfatamaa dhufee jira.

Aadaan sirba heellee kun naannoo bulchiinsa Dirree Dhawaatti teeknooloojii


ammayyaatiin deeggaramanii guddisuu caalaa, sirba heellee kana sirba aadaa bahar
gamaatiin wal keessa makuun hawaasichi aad-dhablee akka ta’u gochaa jiraachuu
isaaniiti. Akkasumas, afoola sirba heellee afaan qofaan daddarbaa jiru kana
barreeffamaan dhaloota dhaalchisuurratti qorannoon gaggeeffame akka Dirree Dhawaa
kanatti jiraachuu dhabuusaati. Dabalataaniis, Sirbi heellee, kan hawaasni dubbii afaanii
qofaan walirraa dhaalaa waldhaalchisaa dhufe kun, akka qabiyyee sirna barnootaa
4

keessatti dabalamee baratamu sochiin taasifame tokkolleen kan hin jirre ta’uun, qorataan
mata duree kanarratti qorannoo akka hojjatu sababoota isa taasisaniidha. Kanarraa
ka’uudhaan qorataan qorannoo kana mataduree Xiinxala Qabiyyee Sirba Heellee Oromoo
Harargee Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Qaacceessuu jedhu, fudhachuudhaan
qorannoo kana kan hojjateedha.

1.3. Gaaffilee Qorannichaa

Qorannoon kun gaaffilee bu’uuraa armaan gadii kanneen deebisee jira.

1. Qabiyyeewwan sirba heellee akkaataa qoqqoodama isaatiin walqabatee ergaan innni


dabarsu maalii?

2. Kaayyoon sirbi heellee hawaasa keessatti sirbamuuf maalii ?

3. Gumaacha sirbi heellee: ijaarsa hawaasummaa, diinagdeefi siyaasa utubuu keessatti


qabu maalii?

1.4. Kaayyoowwan Qorannichaa

Qoratichi qorannoo kana kaayyoo gooroofi gooreetiin addaan qoodee akka itti aanutti
dhiheessee jira.

1.4.1. Kaayyoo Gooroo

Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa; Xiinxala Qabiyyee Sirba Heellee: Oromoo Harargee
Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti argamu qaaccessuudha.

1.4.2. Kaayyoo Gooree

a. Qabiyyeewwan sirba heellee akkaataa qoqqoodama isaa irratti hundaa’uun ergaa isaa
waliin tarreessuu.

b. Kaayyoo sirbi heellee hawaasa keessatti sirbamuuf adda baasuu

c. Gumaacha sirbi heellee ijaarsa jiruufi jireenya hawaasaa utubuu keessatti qabu ibsuu.
5

1.5. Barbaachisummaa Qorannnichaa

Qorannoon kun wayta dhumetti ummata oromoo cufaafi hawaasa Harargee jiraattoota
magaala Dirree Dhawaa keessatti argamaniif madda sirba heellee, qabiyyee sirba heellee
fi faaydaa sirba heellee barreeffamaan yaadachiisuu bira darbee dhaloonni xixiqqaan
hawaasichi qabu salphatti akka afoola sirba heellee dubbisanii wal hubachiisan isaan
taasisa. Qorannoon kun hojjatamuudhaan bu’aawwan armaan gadii kanneen gumaachuu
danda’a.

 Wallistoonni qorannoo afoola aadaa sirba heellee barreeffamaan jiru kana walaloo isaa
fayyadamanii bifa muziiqaatiin ammayyoomsanii sirbuu keessatti, aadichi akka
dagaagee hawaasa biratti daran jaalatamuufi kunuunfamu taasisa.
 Qorattoota mataduree dhimma kanaan walfakkaatu irratti qorannoo adeemsisuu
barbaadaniif yookaan aggammataniif akka madda ragaa ta’ee isaan fayyada.
 Qorannichi ummata oromoo maraaf akkasumas kallattiidhaan Ummata Harargee
keessattuu hawaasa Dirree Dhawaatiif yaadannoo fi hubannoo cimaa waa’ee sirba
heelleerratti beekumsa akka horatan bu’uura kaa’a.
 Afoola sirba heellee kan kanan dura bifa dubbii afaaniitiin ture, gara barreeffamaatti
jijjiiruun dhaloonni sirba aadaa kana, barreeffamaan dubbisanii akka waa irraa baratan
godhu.
 Waajirrii aadaafi turiizimii bulchinsa magaalaa Dirree Dhawaa akka madda ragaatti
dokumeentii godhatanii ofii isaaniitiifi qorattoota aadaa sirbaa heelleerratti hojjachuu
barbaadaniif akka ragaatti fayyada.
 Argannoowwan qorannoo kanaa sirna barnootaa keessatti hammatamuuf haala mijjeessa.

1.6. Daangaa Qorannichaa

Oromoon gosoota afoolaatiin dureessa. Gosoota afoolaa inni qabu keessaa: mammaaksa,
hibboo, sheekkoo, geerarsa, faaruu loonii, faaruu ateetee, urursuu fi weeduu fuudhaa fi
heerumaa, faaruu sirba heellee maqaa dhahuun nidanda’ama. Caaccuuulee afoolaa
kanneen akkuma jirutti bakka tokkotti qo’achuun; yeroo, baasii fi laffaatii hedduu waan
nama gaafatuuf, qorataan kunis qorannoo kana matadureefi iddooniis kan daangeessee
hojjate yoo ta’u, kunis, “Qabiyyee Sirba Heellee Oromoo Harargee: Bulchinsa Magaalaa
Dirree Dhawaa Qaacceessuu” jedhu yoo ta’u, gandoonni qorannoon itti gaggeeffames:
6

Ganda Guuggubaa, Ganda Magaala Cabtuu, Ganda Garaadaa, Ganda Gammachuu, Laga
Harree fi Ganda Gabareeti. Akkasumas, gandoota kanneen keessaa haawwanii fi namoota
sirba heelleerratti dandeettii fi muuxannoo qaban keessaa fudhachuudhaan kan
qorateedha.

1.7. Hanqina Qorannichaa

Qorannoon kun yeroo geggeeffamutti hanqinoota garagaraatu, qorataa muudatee jira.


Adeemsa qorannoo hojjachuu kanaa keessatti wantoonni akka hanqinaatti qorataa
muudatan isaan armaan gadiiti.

Kitaabileen afoola sirba heelleerratti barreeffamanii maxxanfaman, gabaa irraa fi mana


kitaabaas dabalatee waajjira aadaafi turiizimii harkas wanti barraa’e kan hin jirre waan
ta’eef, ragaa gahaa argachuu hin dandeenye. Qorannoon kun yemmuu hojjatamu yeroo
addunyaan sababa dhibee dhukkuba koroonaan walqabatee sodaa keessa jirtutti
qarannichi kan hojjatame waan ta’eef namoota ragaa kennan bakka tokkotti arkachuun
rakkisaa ta’uufi ragaa funaanuuf geejjiba taaksii akka fedhiitti argachuun rakkisaa
ta’uu.Yeroo qorannoon kun gaggeeffamu yeroo hojii idilee mana barumsaa waan ta’eef,
yeroo gahaafi hayyama dhabuun qorataa muudatee jira. Hawaasnis haala danqama
siyaasa yeroo irraa ka’uun odeeffannoo kennuu irratti shakkii of keessaa qabaachuu.

Haa ta’uu malee tattaaffii qoratichi taasiseen rakkinoota kana furuun ragaaleen
barbaachisoo ta’an funaanamanii qorannoon kun galma gahuu danda’ee jira.
Dabalataaniis, qorataan namoota odeeffannoo kennuurratti shakkii qaban yeroo
fudhachuun jala bu’ee akka aadaa isaaniin boonanii fi afoola isaanirratti qooda fudhatan
jajjabeessuufi barbaaduun odeeffannoo funaanuudhaan qorannoo kana hojjatee jira.
7

2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMINAA

Qorannoo tokko, akka ulaagaa madaallii guutu argatuuf, ragaalee iftoominaan qindaa’ee
barraa’een deeggaramuu qaba. Kanaaf, qorannoo gaggeessuuf ragaalee haayyotaan
barraa’aniifi madda ragaalee tokkoffaarraa argameen deeggaraa dhiheessuudha.Yaanni
kunis, mata duree qorataa kan deeggaru yookaan kan mormu ta’uudhaan akka
dhihaachuu qabu Dastaa Dassaalany (2002:71) irratti ibsee jira. Gama biroon immoo,
“Faayidaan sakkatta’a barruu, barruu biraa kanneen hojjetamaniin wal qabsiisuudhaan,
mormuu, deeggaruu, cimsuufi qaawwa mul’ate agarsiisuun qorannichaaf ka’uumsa kan
ta’e, adda baasuudha.” Jechuun, Addunyaa Barkeessaa (2011:57) ibse. Kanaaf, qorannoo
tokkoof, hojiiwwan kanaan dura hojjetaman, sakkatta’uun barbaachisaadha.
Gabaabumatti, barreeffamoota ammaan duraa, kan mata duree qoratichaan walitti hidhata
qaban sakkata’uun argannoowwan hojii qorannootiif barbaachisan gabbisuudha. Haaluma
kanaan qoratichi qorannoo kana afoola irraa ka’ee, gosoota sirbaa adda addaa ilaalchisee
qorannoofi qo’annoo, yaada hayyoota adda addaa kan qorannoo kana waliin walqabatan
sakatta’uun yaada isaaf barbaachisu fudhatee jira.

2.1. Maalummaa Afwalaloo Sirbaa

Afwalaloon sirbaa firiiwwan afoolaa keessaa isa tokko ta’ee, bifa walalootiin
qindeeffamee yeedaloo makatee dubbii afaaniitii fi sochii qaamaatiin deeggaramaa bifa
sirbaatiin kan dhihaatu aartiii hawaasaati. David, E. Gray (1995:2), “Oral poetry can be
defined in various ways-strict definition would include only poetry that is compossed and
transmitted with out any aid of writing.” jechuudhaan maalummaa afwalaloo ibsa. Yaada
waraabbii kana irraa wanti hubachuun danda’amu, afwalaloon karaa adda addaatiin
ibsamuu kan danda’u ta’ee, hiikni isaa kan afwalaloo meeshaa barreessuu kamuu otuu
hin gargaaramin miimmiidhagee dhihaatuufi daddarbuudha.''Afwalaloo sirbaa'' kan jedhu
Finnegan tokko tokko jechoota akka ''folk songs, folk poetry and folk musics''
jedhuudhaan moggoosuun fayyadamti. Feqaade Azzazee (1991:86) irratti maalummaa
afwalaloo sirbaa yoo ibsu, "
!" # $ % & $'('( )*+
,,- (.+ / 01 2345 " :” jedha Yaada kanarraa hubachuun
kan danda’amu, afwalaloon sirbaa bifa miidhagina qabuun raawwiin isaas duraa duuba
8

isaa eeggatee kan dhihaatu qabeenya hawaasaa akka ta’eedha. Kana jechuun immoo
afwalaloon sirba aadaafi safuu hawaasaa haala nama hawwatuun ibsuufi dabarsuu isaati.

Borgan B. (1993:863) afwalaloo sirbaa yoo ibsu “Afwalaloon sirbaa duudhaa hawaasaa
kan ofkeessatti qabatu, irra caalaa hawaasa hin baranneen kan kalaqamuudha.” jedha.
Gama birootiin, “afwalaloon sirbaa umrii kalaqaafi hurruubummaan isaa yeroo jalqabaaf
namni walitti dhufee ittiin walbooharsuu yeroo jalqabee kaasee akka ta’es,” ni ibsa.
Yaada kanarraa wanti hubachuun danda’amu af-walaloon sirbaa umrii dheeraa kan qabu,
nama bashannansiisuu kan danda’uufi ergaa barbaadame dabarsuurratti gahee guddaa
qabaachuu isaa nu hubachiisa.

Hayyuun Dorson Rechard. (1992:85) af-walaloo sirbaa akka ibsutti,“Afwalaloon sirbaa


uunkaa isaa qofaan osoo hin taane, haalli dabriinsa isaa adda isa taasisa. Afwalaloon
sirbaa kan dhalootarraa dhalootatti dabru barreeffamaan osoo hin taane himamsaa
afaaniitiin yookaan dalagaa bifa sirbaan, geerarsaan, faaruudhaan darba.” Jedha. Kunis,
Uunkaan walaloo barreeffamaa waliin tokko ta’ee walaloon barreeffamaa dhalootarraa
dhalootatti kan dabru barreeffamaan yoo ta’u, afwalaloon sirbaa immoo afaaniin kan
dabru ta’uu yaanni armaan olii ni hubachiisa.

Misgaanuu Gulummaa (2011:60) Finnegan wabeeffachuun afwalaloo sirbaa akka itti


aanutti ibsa.“Afwalaloon barreeffamaan otoo hin taane, afaaniin dhaloota tokko irraa isa
itti aanutti, naannoo tokko irraa gara ollaatti kan lufuudha. Amma tokko afwalaloo
sirbaafi barwalaloo adda baasuu kan dandahan qabxiiwwan gurguddoo sadiin jiru.
Isaanis: Qindeeffama, akkaataa lufummaatiifi hurruubummaadha.” jedha. Yaada
kanarraas wanti hubatamu afwalaloon sirbaa barreeffamaan osoo hin taane afaaniin
dhalootarraa gara dhalootaatti kan daddabru ta’ee barreeffama biraa irraa kan adda isa
taasisu amala mataa isaa qabaachuu isaati. Kunis, afwalaloon sirbaa qindoominaafi
hurruubummaa qabaachuu yookiin akkaataan itti daddarbu kanneen biraa irraa kan adda
isa taasisuudha.

Gabaabumatti yaada hayyoonni armaan olitti Kennan irraa wanti hubatamu hiikkaan
isaan afwalaloo sirbaaf kennan kan walitti dhihaatu ta’ee afwalaloon yookaan walaloon
afaaniin dhalootarraa dhalootatti afaaniin dhihaatu kan miidhagina, yeedaloofi tartiiba
9

ittiin dhihaatu qabaachuufi amala hawaasummaa kan qabu ta’ee soochii qaamaatiin
deeggaramuudhaan kan dhihaatu ta’uu nu hubachiisa.

2.2. Faayidaa Afwalaloo Sirbaa

Afwalaloon sirbaa tajaajila hawaasa keessatti bu’aan isaa kallattii gara garaatiin kan
mullatu yoo ta’u, sagalee afaaniitti fayyadamuun walaloo gara yeedalaatti jijjiiruun
dhimma kan itti bahaniidha. Afwalaloon sirbaa kunis walqabannaa yaadaa kan walaloo fi
yeedaloo sochii qaamaatiin deeggaramee, jechoota gaggabaaboofi filatamoo haala qalbii
namaa hawwatuutti kallattiidhaan weellisaa aadaa kan miseensa garee hawaasaa sanaa
ta’een hawaasuma sanaaf deebi’ee dhihaatuudha. Ruth Finegan (1977:273-274) tajaajila
afwaalaloo sirbaa yoo ibsitu,

“People doing things, does not just refer to the out ward and observable acts by
which people organize poetic activity or use poetry music to achieve political
power, economic reward and cooperation, religion satisfaction, astatic pleasure,
what is in involved is not passive repetition of externally determined words
artistic or ritual or utilitarian or whatever but people are actively moulding the
world around them the word of symbols which ultimately constitute the world we
experience and live in. It is through poetry not exclusively, certainly but surely,
premently that people create and recreate that world.” Jechuudhaan ibsiti.

Yaada kanarraa hubachuun kan danda’amu, dalagaaleen namoonni sirba keessatti


calaqqisiisan gocha akkanumaan ilaalamu qofa miti yookaan gocha namni ittiin dalagaa
walaleessu itti qindeessu yookiin afwalaloon waan dhimmi siyaasaa itti raawwatan,
badhaasa dinagdeetiif fi waliin dalaguu, amantaa ittiin gaggeeffachuu, miidhaginaafi
ittiin boharuu qofaa miti. Wanti raawwatamu suni calliseetuma irra deddeebi’uun dalaguu
qofaa miti. Mimmiidhaginaaf itti fayyadamuufi kanneen biroo qofaa miti. Garuu
ummanni hamileen addunyaa keessa jiraatan sana bocaa jiru. Sadoommiin isaan
fayyadaman addunyaa keessa sochoonuu fi jiraannu calaqqisiisa. Dhalli namaa afwalaloo
kana keessa sirrittiifi gadifageenyan addunyaa uumu. Ammas irra deebi’uun uumu jetti.
Kunis, afwalaloon tajaajiloota hedduu qabaachuu agarsiisa.

Gabaabumatti, yaada kanarraa tajaajila afwalaloo sirbaa kanneen as keessatti ibsaman


kanneen akka dhimma siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, amantaa gaggeeffachuu
10

keessatti, miidhagina isheetti booharuu, aartii addunyaa keessa jiraannu calaqqisuu fi


bocuu dabalatee, tajaajila haala addunyaan keessa jirtuu itti agarsiisuuti.

2.3. Gosoota Afwalaloo Sirbaa

Akaakuun afwalaloo sirbaa: dhiichisa, mirriiga, shoobdoo, shaggooyyee, daddaaysa,


heellamaa, darashii, hiyyoowlee yookaan sirba heellee maqaa dhahuun nidanda’ama.
Isaanuma kanneen keessaa kan sagalee dubbii qofaan darbuufi sochii qaamaa dabalatus
akkuma jirutti, kan afwalaloo sirbaa kana meeshaa muziiqaa itti dabaluun weedduu sirba
adda addaa ammayyoomsanis kan jiraniidha. Akka hayyoonni jedhanitii, weedduun
sirbaa gosa adda addaa qaba. Isaan keessaa,”folk music”fi folk song” yoo tahu inni “art
song” jedhamu kun kanneen ogummaa weedduu barataniin meeshaa muuziiqaa jabanaa
fayyadamuun kan weeddiifamu,“folk song” kan jedhamu immoo weedduu aadaa kan
meeshaa aadaatiin qindaa’ee dhihaatudha. (Enc.Br.1993vol.4,p861). Akka Ruth
Finnegan (1976) ibsitutti “weedduun kan weeddifamu haala adda addaa keessatti tahee
meeshaa namoonni fedhii isaanii ittiin ibsatanidha” jetti. Kunis sirbi sirbamu garaa
garummaa qabaatus, namoonii dhiimma yaada isaanii karaa sirbaatiin gaggeeffachuu
isaaniiti kan agarsiisuudha.

Dabalataanis, weedduu guyyaa fuudhaa faayidaa inni qabu Ruth Finnegan yoo ibsitu,
“Song weedding are popular wedded pairs.” Jetti. Yaanni kunis, weedduun sirbaa
gareedhaan yeroo cidhaa kan taphatamuudha. jechuun ibsiti. Misgaanuun Gulummaa,
(2001:60) yoo ibsu, “Uummaannii Oromoo jireenya isaa keessatti wantoota sadiif, bakka
guddaa keenna. Isaanis: guyya dhalootaa, guyyaa fuudhaafi guyyaa du’aati” jedha. Akka
yaada kanaatti, sadeen isaaniyyuu yeroo isaanii eeggatanii wantoota dhufani. Isaan
kanneen keessaa qorannoon kun kan ilaallatu dhimma guyyaa fuudhaafi heerumaa,
guyyaa gargaarsa namoomaan kan walqabatuudha.

Qorannoo kana keessatti yookaan naannoo qorannoo kanatti weedduu fuudhaafi


heerumaa keessaa weedduu sirba heellee jedhamuutu hojjiirra oola. Sirna kana
miidhagsuuf weedduu sirbaaa adda addaatu raawwatama. Holman H.(1992), akka
ibsutti, “song is a lyric poem adapted to musical expression” jechuun weedduu yoo ibsu,
innis, hiikni isaa “sirba jechuun qindeeffama walaloo sirbaa kan madaqfamee bifa
muziiqaatti kan ibsamuudha.” Kunis sirbi walaloo bifa muziiqaa ofkeessa kan qabu tahuu
11

ibsa. Itti dabaluun,“song lyric are usually short, simple sensuous emotional, perhaps the
most spontsneous lyric forms” kana jechuun amalli weedduu sirbaa kan miira namaa
kakaasuufi kan garaa namaa raasu akka tahe ibsa. Gabaabumatti, sirbi kan qindeeffama
walaloo gara muziiqaatti madaqsuun salphumatti bifa gabaabbinaafi miira nama
hawwatuun yaadaafi fedhii kan ittiin ibsataniidha.

2.4. Sirba Heellee

Sirbi heellee boohartii dubartootaa kan yeroo fuudhaafi heerumaa ,akkasumas yeroo
ayyaanaatiifi birraa moosina dargaggummaafi baranummaa isaanii dubartoonni Oromoo
Harargee addatti sirbaa, taphachaa, ragadaa, gaddaafi gammachuu, rakkoofi bal’oo jiruufi
jireenya keessatti isaan mudatu fi kan isanirra gahaa tures, kan ittin ibsachaa as gahee
ijibbaata ittiin falmataniidha. Akka hayyoonni sirba heellee ibsanitti, “ Sirbi heellee kan
shamarraan Oromoo harargee warra dhiiraa irraa addatti qabaniidha. Akkasumas sirbi
heellee kan yeroo fuudhaafi heerumaa haawwaniifi shamarraniin taphatamuudha. Sirba
heellee yeroo taphatan, meeshaalee akka dibbeefi muka rukutaa dibbee kan
fayyadamaniidha .Yero cidhaa: uffata aadaa, nyaata aadaa, meeshaa aadaafi dhugaatii
aadaa kan akka buchumaa fayyadamuun faarfachaa sirba heellee kan taphataniidha.”
Jechuun ibsanii jiru.Yaanni kunis sirbi heellee kan dubartoonni jiruu fi jireenya isaanii
keessatti dhimma adda addaatiif kan itti gargaaraman tahuu agarsiisa. Afoola sirba
heellee ilaalchisee Taaddala. Olaanaa Sanyii (2016) qorannoo isaa keessatti yoo ibsu,

“ Weedduun heellee uummata Oromoo kan naannoo gubbaa qorichaa biratti


heellen dhalaadhaan yookaan hawwanii fi shamarraniin weeddifama. Heelleen
kan weeddifamu guyyaa cidhaati. Yeroo inni weeddifamus, gurbaan fuudhu
mucayyoo mana warra intalaatii oggaa baafatuufi mana maatii isaa yeroo
galfatu shammarran hiriyyoonni isheefi dubarttoota gaa’eela kanarratti
argamaniin weeddifama. Gama gurbaa fuudhuutinis, mucayyoo fudhatee mana
maatii isaatti yeroo galfatu shammarraniifi dubarttoota olla gurbaa fuudheen
weeddiffama. Heelleen weedduu jaalatamaadha. Keessattuu, Oromoo Harargee
biratti afoola beekamaadha.” Jechuun heellee ibsee jira.
12

Gabaabumatti, yaadota olitti ibsaman kanaarra wanti hubatamu, sirbi heellee hawaasa
dubartootaa birattii aadaa beekkamaafi meeshaa akka gaachanaatti aadaa isaanii ittiin
kunuunsuufi tiiysuuf kan itti fayyadaman ta’ufi quuqaa isaani dhaabbate; kan arraata
afaaniin olbaasanii dhuunfatti ibsachuu hin dandeenye bifa gurmaa’inaatiin walitti
dhufanii salphumatti karaa furmaata waloofi mirga dhuunfaa fedhii isaanii kan ittiin
calaqqisiifatan tahuu agarsiisa.

2.5. Gosoota Sirba Heellee

Sirbi heellee akkaataa gosa hoj-maata raawwii isaatiin dubartoonni sirba heellee keessatti
sadarkaadhan gosa saditti kan qoodamaniidha. Qoqqoodamni kunis, akkuma shimbirroon
biyya biyyaa afaan afaan dubatti akkuma jedhamu, dubartoonnii Oromoo Godinaalee
Oromiyaa adda addaa keessa jiran marti weedduu sirbaa kan gara garaa qabaachuun
isaanii akkuma jirutti tahee hawaasa dubartoota Oromoo Harargee kan Dirree Dhawaa
birattiis, sirbi heellee gosaafi umriin addaan qoodamee taphaa dubartootaa qofaan addatti
ittiin sirbaa taphachuuf, sirba aadaa kan qabaniidha. Sirbi heellee moggaasa maqaatiin
maquma tokko qabaatuus, sirba heellee haawwan gurguddoo, sirba heellee haawwan
gumureeyyiifi sirba heellee shamarran xixiqqaa; ja’amee ulaagaa moosina umrii
isaaniitiin bakka saditti kan qoodamuudha.

2.5.1. Sirba Heellee Haawwan Gurguddaa

Sirna raawwii fuudhaa fi heerumaa keessatti, hawwan bakka guddaa qabu. Gaheen
haawwan gurguddaa: afoola sirba heellee dhaloota isaan boodaa dhaalchisuu bira
darbanii aadaa yeroo fuudhaa fi heerumaa guutamuu qaban madaaluu, wayta heelleen
taphatamu ililchuu, harka isaanii waliin rukutuu, eebbisuu fi warrii sirba heellee taphatan
akka dadhabbiin isaanitti hin dhagahamne taasisuudha. Sirba heellee haawwan gurguddaa
ilaalchisee, od-himtoonni yoo ibsan, “ Haawwan yeroo fuudhaafi heerumni raawaatu
wantoota ulaagaa guduunfaa barbaachisu, kan warra soddaa dhufu guutummaan irraa
qeebaluu, jimaa barcaadhaa qama’anii du’aa’ii godhuu, yeroo sirbi heellee haawwan
gumureeyyiifi gashaantoonni shamarranii taphatan, haawwan gurguddaan yookaan
manguddoonni beeraa; harka waliin dhawaa, ililchaa, fayyaa dayaafi kan dhaltanitti
caayaa taa’aa jechuun akka hamilaaniifi mirqaananii taphatan taasisuudha.” Jechuudhaan
gahee haawwan gurguddaa ibsan.
13

2.5.2. Sirba Heellee Haawwan Gumureeyyii

Heelleen maqaadhaan yookaan moggaasaan tokkoo ta’us, akkaataan raawwiin sirba


heellee ittiin gaggeeffaamuun addaa addummaa qabaachuu danda’a. Heelleen haawwan
baranoo yookaan haawwan gumureeyyiis kan haawwan gurguddaafi kan warra
shamarran xixiqqaarraa adda kan isa taasisuu, yoomeessa of danda’e qabaachuu isaati.
Yaada kanas, akka hayyoonni ibsanitti, “ Sirbi heellee yeroo fuudhaafi heerummaa,
heellee yeroo afeerraa gumaataafi heellee yeroo misoomaa hojii dabalatee bifa tapha
geengawaafi sochii deemsaatiin kan raawatuufi ililbeedhaan kan dabaalamuudha. Kana
malees, haalli sirbi heellee kun itti gaggeeffamu, sochii, faaruufi meeshaalee aadaa isaan
ittifayyadamaniin heellee shamarran xixiqqaatiin garaa garummaa kan qabaabuufi haalli
faarfannaa isaaniis haalarratti hundaahuun kan wal dhabuudha.” Jechuudhaan ibsanii jiru.

Walumaagalatti yaadni armaan olitti dhihaate kan mullisu, helleen haawwan gumureeyyii
yookaan baranoo akkaataan raawwiisaa adeemsa of danda’e kan qabuufi uunkaa
hojmaata raawwii isaatiin adda ta’uu isaa kan hubachiisuudha.

2.5.3. Sirba Heellee Shamarran Xixiqqaa

Moosinni namaa wajjiin hin waaru, akkuma jedhamu, umriin dargaggummaatiis


gabaabduu fi waaxiqqo waantaateef, yeroo kanatti shamarraniis tahee dubartoonni sirba
heelleetiin yaada, miira, hawwii fi fedha isaanii mudannoo dabalatee keessoo yaada
isaanii kan itti ibsatan, karaa hiriyaa yookaan jaalalleetiin walfaarsanii kan taphataniidha.
Ruth Finnegan (1976:242), akkana jechuun ibsitee jirti.

“there are songs for girls that are means of annocing their presence and of
differenciating themselves from the older married women, for an individual a way
of expressing for their idiasynerIdio-syncracy.” Jechuun ibsiti.

Kana jechuun, ergaawwaan weedduu sirbaatti fayyadamuun aruustittiidhaaf gorsa,


akeekkachisa yookaan ofeeggannoo, tuffii arrabsoo akkaataa jiruu fi jireenya isii ittiin
hubachiisuuf gargaara. Jetti. Kunis dubartoonni sirbatti gargaaramuudhaan intala
heerumtuuf dhimmoota jiruufi jireenya bultii isii keessatti isii fayyadan baay’ee kan
keessatti isiif itti gumaachan ta’uu kan agarsiisuudha.
14

Sirbi heellee dubartoota xixiqqaa kan dubartoonni hin heerumin qoftiin birraa yeroo
waarii galgala galgala yookaan yeroo fuudhaafi heerumaa walitti dhufanii walfaarsaa
osoo bakka jiran sanii hin deemne bifa geengoo taheen faaruu jaalalaa arrabsoo fi
balaaleeffannaa dabalatee warra dargaggoota dhiiraas ta’ee geelota isaanii faarsuufi
hinaafsisuun akka gara isaaniitti dhufanii gara sirba yeedala walootti seenuuf afeerraa
daawwannaa yaadaa warra dhiiraatiif kan itti dhiyeessaniidha. Innis kan akka waliin
sirbuufi koflaa taphachaa jaalala hiriyyummaa kan itti cimsataniidha.Yaaduma kana
deeggaruun Beekaan Gulummaa (2015:62) yoo ibsu,

“Faaruun jaalalaa namni tokko waan laphee isaatti dhagahame, keessa miira
isaa ukkaamamee kan jiru tokko, fedhii qabu, hubannaa laphee isaa keessa jiru
karaa ittiin of keessaa baasee dubbachuudhaan dhiphina jaalalaa keessaa, aara
itti galfatuudha” jechuun ibsee jira.

Yaadni olitti dhihaates, faaruun sirbaa rakkoofi balloo, gaddaafi gammachuuu,


akkasumas, quuqamaafi dhimmoota gara garaatiif kan itti fayyadamaniifi akka
furmaataatti haara kan ittiin galfataniidha.

Dabalataanis, shamarran sirba heellee keessatti geelee isaanii tan heerumaaf isaanirraa
adda bahuuf deemtu jajjabeessaa, dhaamsa hiriyyummaa sirba heellee keessatti ofidduu
teechisuun itti marsanii geengoo uumuun karaa ittiin jaalala isiif qaban hiriyoonni isii
ittin gumaachaniifidha. Yeroo boqonnaatti immoo, akkaataa faaruu weedduun sirba
heellee kan guyyaa Iidaafi heerumaa hiriyoota isaanii ittiin faarfatan walirraa itti
barataniidha. Sirbi heellee kan yeroo fuudhaafi heerumaa yeroo birraafi ayyaana iidaa
haawwan baranoofi shamarran xixiqqaan walitti dhufuudhaan gamtaan sirba
taphatamuudha.

Akkasumas, sirbi heellee baaftuufi warra jalaa qabu dabalatee sirba gareen walfaarsaa
intala heerumtus faarsaa jaalalaafi gammachuu qaban ibsachaa kan taphatamuudha.
Dabalataanis, sirbi heellee keessatti soddaa faarsuu, walfaarsuufi wal arrabsuu, bira
darbee waldhabbiin hawaasa jiddutti uumame yoo jiraate araarsuufi jaalala tokkummaa
ummataa jaaruurratti sirbi heellee kan barbaachisuudha.
15

2.6. Hirmaattota Sirba Heellee

Harki tokko kophaa isaa of hin dhahu yookaan hin dhiqu; mukni tokkoos kophaa isaa hin
boba’u akkuma jedhamutti, sirbi heelleeetis kopha kophatti hin taphatamu. Sirbichiis
akaakuu afoolaa keessaa tokko yoo tahu murrna murnaan yookaan gareedhaan kan
gaggeeffamuudha. Hirmaattonni weedduu sirba heellee kunniin: haawwan gurguddaa,
shamarran gumurreeyyiifi dargaggoota shamarranii walitti qindaa’uun kan
taphatamuudha. Haala kana, Dorson M.R. (1972:3) yoo dhugoomsu, “Here (social folk
customs) the emphasis is on group interaction rather than on individual skills and
performance” jechuun addeessa. Kunis, xiyyeeffannoon barsiifata kanaa, beekkumsaafi
raawwii namoota dhuunfaa irratti otoo hin tanee; qindoomina gareewwanii irratti.
Jechuun barsiifata hawaasaa ibsa. Barsiifanni hawaasaa, maqaa qabeenya hawaasaa tokko
waliin qabaniiti. Akkasumas, afoolli kan garee hawaasa tokkoo akka ta’eefi kan
muuxanoo nama dhuunfaan raawatamu osoo hin taane, garee irratti xiyyeeffachuu isaati
mirkaneessa.

Gabaabumatti, sirbi heellee afoola dubbii afaaniitiifi sochii qaamaa kan barbaaduufi
weeddistuu yookaan baaftuu fi jalaa qabdoota baay’een bakka jiranitti kan sirbamuudha .
Weedduun sirba kana keessatti dhihaatuus: kan waa’ee seenaa dabartee, kan wanta amma
mul’atuu, kan dhufaatii fuuldaraa ibsuu ta’uu danda’a. Afoolli sirba heellee kan gareen
raawwatu kun: eenyummaa, aadaa fi afaan bira darbee, miidhama hawaasaa, tokkummaa
hawaasaa, egeree ummataa cimsuu irratti bifa weedduu sirbaatiin walharkaa fuudhaa
dabaree dabareedhaan haala nama hawwatuun kan raawwatamuudha.Yada kana
hayyoonni yoo ibsan, “ Sirbi heellee kan dubartoonni yeroo fuudhaa walitti qabamanii
yeroo takka baaftuuf warri kaan jalaa jechaa wal harkaa fuudhuun dogoggora waliif
sirreessaa gareen kan raawatuudha.” Jechuun ibsan. Kunis sirbi heellee walaloo isaa
waljalaa qabaa, walharkaa fuudhaa tartiibaan kan gaggeeffamuu ta’uu isaati hubachiisa.

2.7. Yoomeessa Sirba Heellee

Afoolli labatarraa labatatti afaaniin darbaa kan jiru yoo tahu, yoomeessa mataa isaa
danda’e qabaachuudhaan gosoota afwalaloo sirbaa hunda bocee dhaloota dhaalchisaa kan
dhufeedha.Wantoonni raawwataman yoomeessa malee raawachuu akkuma hin
danda’amnetti, afoolli sirba heelleetiis, akkuma akaakuu afoola sirboota birootti
16

yoomeessa bu’uura godhachuun kan gaggeeffamuudha.Yaada kana Birhaanuun Hirkoo


(2010) yoo ibsu, “Heelleen yoomessa gaa’elaan kan daangeffamee fi jala bultii cidhaa
irraa eegalee durba heerumtuu fi hiriyoota ishee waliin kan weeddifamuudha.” Jechuun
ibsa.Yaadni kunis, sirbi heellee yoomeessa mataa isaa qabaachuu isaa kan
mirkaneessuudha. Akkaatuma kanaan walaloon sirba heellee yeroofi haala naannoo
teessuma lafaatiin akkasumas, dandeettii nama walaloo baasee dhiheessu sanaatiin
garaagarummaa mullachuu danda’a.

Kunis, afoolli sirbaa kamiyyuu hawaasa keessatti akkaataafi haala ittiin dhihaatu yookiin
raawwatu yookiin tajaajila kennu qaba. Kana ilaalchisee ammas Birhanuun Hirkoo
(2009) yoo ibsu, “ Oral literature is closely related with actual context of use. In
other words, oral literary forms arise from and are used in the context of various social
occasions.” jechuun barreessee jira. Yaadni kunis, fakkeenya afwalaloo sirba aadaa
keessaa walaloon sirba shaggooyyee bakka isaa malee iddoo hojiititti osoo sirbamee
yookiin dhihaatee bu’aa qabeessa hin ta’u jechuudha. Kanaafuu, walaloon sirba aadaa
hundi haala walfakkaatufi iddoo walfakkaatutti kan sirbamuu miti.

Kanaaf, yoomeessi sirba heellee kunis kan raawatu: yeroo birraa, yeroo ayyaaanaa, yeroo
fuudhaa fi herumaa, yeroo afeerraa gumaataa fi yeroo hojii misoomaa keessatti kan
taphatamuudha. Garuu, sirbi heellee yoomeessi isaa yeroo mara dhaabbataa osoo hin
taane yeruma mudannoo raaawwii tahina saniirratti hundaahuun kan raawatamuudha.
Yaada kana, Taaddala Olaanaa Sanyii (2016) yoo ibsu,

‟Heelleen kan weeddifamu guyyaa cidhaati. Yeroo inni weeddifamus: gurbaan


fuudhu mucayyoo mana warra intalaa oggaa baafatuufi mana maatiiisaa yeroo
galfatu, shammarran hiriyyoonnii ishiifi dubarttoonni gaa’eela kanarratti
argamaniin weeddifama. Gama gurbaa fuudhuutinis, mucayyoo fudhatee mana
maatii isaa yeroo galfatu, shammarraniifi dubarttoota ollaa gurbaa fuudheen,
weeddiffama. Heelleen, weedduu jaallatamaadha. Keessattuu, Oromoo Harargee
biratti, afoola beekamadha.” Jechuudhaan yoomessa heellee ibsee jira.

Yaadni kun sirbi heellee kan yeruu fuudhaafi heerumaa, intalaafi gurbaafis dubartoonni
faarsanii ittiin sirban akka ta’e kan mirkaneessuudha. Akkasumas gamtaadhaan kan
sirbamu akka ta’e kan ifa godhuudha.
17

Walumaagalatti, sirbi heellee walaloo weedduu sirbaa kan yeroo fuudhaafi heerumaa,
yeroo afeerraa gumaataa, yeroo hujii misoomaafi kan kana fakkaatan, kan of keessatti
hammatee raawatamuudha. Gabaabumatti, sirbi heellee haalaarratti hundaahuun kan
sirbamuufi garaa garummaa kan qabuufi sochii ofdanda’e kan qabu tahuu hubachiisa.

2.8. Gosoota Yaadiddamoota

Bu`aa kallattii beekumsa tokko argamsiisuuf qabuufi daandii inni beektotatti agarsiisuuf
qaburratti hundaa’uun hayyuun Dorson, R. (1972). jedhamu yaadiddamoota fokloorii
jiran haala yeroo ammaa keessa fudhatama qabaniin bakka gara garaa kudha-lamatti
qooda. Isaanis: ideology, contextual, historical, geographical, historical reconstructional,
hemispheric, masscultural, functional, psycho analytical, folk-cultural, cross-cultural,
structuralfi oral formulic jechuun yaaxxinaalee fokloorii kaa‟eera. Dorson. (1972).
Qorataan qorannoo kanaas yaadiddamoota qorannoo kana gama faayidaa barsiifanni
hawaasaaf qabu ibsuun, barsiifata hawaasaa irra deebi’uun barreessanii ol kaa’un, aadaafi
barsiifanni hawaasaa ummataaf bu’aa buusuufi haala sirni adda addaa keessattuu xiinxala
qabiyyee sirba heellee qaaccessuuf qorannaa kana fiixaan baasuuf qorannicha kana
nideeggaru jedhe, kanneen akka: yaadiddama faayidaa, yaadiddama irra deebi’anii
ijaaruu, yaadiddama aadaa bu’ureeffateefi yaadidda aadaa hawaasaa fa’a ta’uu xiinxaluun
akka armaan gadiitti addeessuun qorannoo gaggeesse akka galma gahuuf yaadiddamoota
tuqaman kanniinitti dhimma baheera.

2.8.1. Yaadiddama Faayidaa

Akka yaadiddama kanaattii afoollii faayidaan inni uummataaf qabu maali? isa jedhu
ilaaluun hundarra murteessaadha yaada jedhutu ol aantummaan mul`ata. Yaadiddamni
kun kan bu`uureffame barataa Melville Herskovits, kan ta`e nama William Bascom
jedhamuuni. Akkaa yaada Bascomitti aartiin mallattoo, “ verbal art” jechi isaa akka
ijaarsa kalaqaatti hawaasa tajaajiluu, walitti fiduu, aadaan gidduu galeessummaan akka
ijaaramuuf gargaara. Haaluma kanaan beekaan kun tajaajila afoolli gara garaa qabus
akkasiin ilaala: Mammaksi murtii seera qabeessa dabarsuu baruuf gargaara, hibboon
dhugaa qara, durduriin amala sirreessa akkasumas safuu hawaasaa eeguun waan baramoo
ta`an, jechoota baramoon ykn kanneen hawaasichi itti gargaaramuun ergaa dabarsa, nama
bashannansiisa, sirbi onnee gootaa cimsa. Bascom,W.R.(1965). Yaadiddamni kun gama
18

wanta aadaa akkasumas, gooroowwan afoolaa biroon hojiirra ooluu nidanda`a. Akka
namni Bogatyrev jedhutti “The functional method expands the subject matter of
ethnography” jechuun yaadiddama faayidaa ibsa. Yaada waraabbii kanaa irraa hubachuun
akka danda‟amutti, yaadiddamni faayidaa afoolli saba tokkoo akka gadi fageenyaan
haala saayinsaawaa ta`een ibsamuuf kan tajaajiluudha yaada jedhu of keessaa qaba.
Kanaafuu, namoonni afoolatti gargaaraman hundi haala barbaachisummaa isaa hubatanii
yookiin faayidaa isaa irratti hundaa`anii akka itti fayyadamaniif kan carraa kennudha.

Waan kana ta`eefis, akka yaadiddama kanaatti afoolli tokko faayidaa isaatiin ala yoo
ilaalame hiika qabaachuu hin danda`u. Kanaafuu, qu`annoon afoolaas gama faayidaa
isaatiin geggeeffamuu qaba jechuun tajaajila yaadiddamni faayidaa qu’annoo afoolaa
keessatti qabu ibsa. Bu’uruma yaadiddama kanaatiin qorannaan kunis wantoota sirba
heellee keessatti raawwataman kan durii eegalee hawaasni ittiin aadaa isaa ibsataa tureefi
karaa ogafaaniin qofa dhalootaa dhalootatti dabarsaa ture keessaa tokko kan ta’e, afoola
sirba heellee Oromoo Harargee bal’inaan, gadi fageenyaaniifi karaa saayinsaawwaa
ta’een, barreeffamaan qindeessuufi qaaccessuun faayidaa afoolli sirba heellee dubartoota
Oromoo hawaasa keessatti qabu ibsuu irratti fuulleffachuun kan gaggeeffameedha.

2.8.2. Yaadiddama Irra Deebi`anii Ijaaruu

Yaadiddamni kun beektota afoolaa kanneen akka obbolaa lamaan(Grimms),


keessumaayyuu Jacobiin kan fudhatamummaan isaa itti amanamee bu`ureedha. Akka
leellistoota yaadiddama kanaatti duudhaan hawaasaafi afoolli durii irra deebi`amuun
tajaajilaaf ooluu akka qaban amantaa isaaniiti. Akka yaada yaadiddama kanaatti waantota
ammaaf kan bu`uura ta`e waan durii sababii ta`eef, qorannoo afoolaa kan ammaas ta`e
kan durii qorachuuf wantoota durii duubatti deebi`uun ilaaluun barbaachisaa ta`uusaati.
Bu`aaleen qorannoo lama yaadiddama kana jalatti akka fakkeenyaatti dhiyaatanis
barbaachisummaa waan durii kan cimsanidha. Kanas kallattimaan yaada jedhamerraa yoo
ilaallu, “ These two historical monographs demonstrate the possibilities of utilizing
traditional recollections to reconstruct the recent past” jedha. Gabaabumatti yaada
kanarraa waanti hubatamu afoola bade tokko irra deebi`anii lubbuu itti horuufis ta`e kan
amma argamu cimsuuf waan durii duubatti deebinee ilaaluun akka gaarummaa qabudha.
Kanaafuu, qorannoo afoolaa keessatti haala kana tajaajilamuun bu`a qabeessa ta`uu isaa
yaadiddamni kun nutti mul`isa. Akkaatuma ibsa yaadiddama kanaatti qorannaan kunis
19

barsiifata hawaasni durirraa kaasee itti dhimma bahaa tureefi ammas itti fayyadamaa jiru
garuu shamarran xixiqqaa baratti dagatamaafi irraanfatamaa deema jiru “ qabiyyee sirba
heellee Oromoo Harargee bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa” haala inni asiliin itti
kabajamaafi raawwatamaa ture duuba deebi’uun xiinxaluun haaluma dur itti
raawwatamaa tureen ammas akka tajaajilaaf ooluufi dhaloota dhufuuf darbuuf duuba
deebi’uun xiinxaluun , ijaaruniifi qindeessuun olkaa’uuf jecha “ xiinxala qabiyyee sirba
heellee Oromoo Harargee bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa” qaaccessuun kan
gaggeeffameedha.

2.8.3. Yaadiddama Aadaa Bu`ureeffate

Akka amantaa beektota yaadiddama aadaa bu’ureeffate maddisiisaniitti, afoola kamuu


kan garee hawaasa garaa garaa keessa jiru hammamtaan isaa garaa garummaa qabaatus,
aadaa garee hawaasa sanaa calaqqisiisa. Afoola adda addaa keessatti akkaataan ittiin
afoolli sun hurruubamus ta`e, seeneffamu aadaa hawaasa itti gargaaramu sanaa bu`uura
godhachuuni. Garee hawaasaa gidduu garaa garummaan aadaa jiraatus hawaasni hunduu
aadaa mataa isaa qaba. Aadaa kana keessatti immoo waan irraa goruufi waan itti goru
qaba; waan kallattiin itti gargaaramuufi itti hingargaaramnes ni qaba. Afoolli tokkos
yommuu hojirra oolu dhugaa kanaa alaa ta`uu hindanda`u.

Kanaafuu, qu`annoon afoolaa aadaa hawaasaan kan walqabate ta`uu qaba yaada jedhu
qaba. Georges, R.A and Jones. ( 1995:225). Yaadiddamni qorannoo afoolaa, aadaa
bu’ureeffate akka ibsutti qu’annoon afoolarratti gaggeeffamu kamuu aadaa hawaasaatiin
kan walqabateefi walqabachuu akka qabu bal’innaan eereera. Bu’uruma yaadiddama
kanaatiin qorannaan kunis, firii afoolaa keessaa tokko kan ta’e barsiifata sirba aadaa
haawaasa Oromoo keessaa tokko fudhachuun “ xiinxala qabiyyee sirba heellee Oromoo
harargee bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti argaman”qaaccessuun kan
gaggeeffameefi hariiroo sirbi heellee kun gama aadaatiin ummata Oromoo Harargee
wajjiin qabu ibsuun kan adeemsifame waan ta‟eef, akkuma yaadiddamni aadaa hawaasaa
bu’ureeffate ibsetti qorannoon mata-duree kanarratti adeemsifames aadaa hawaasaa
waliin daran kan walqabate ta’uu isaa qoratichi hubannoo yaadiddama aadaa hawaasaa
bu‟ureeffaterraa argateen mirkaneesseera.
20

2.8.4. Yaadiddama Aadaa Hawaasaa

Yaadiddamni aadaa hawaasaa kun kan madde qu`attoota duudhaa kan ta`an kanneen akka
Iorwerth Peate, DonYoder fa`aanidha. Kaayyoon qorattoota afoola kanneenis,
afooleewwan keessatti hubannoon duudhaafi aadaa hawaasaa akka cimu taasisuudha.
Bu`aan hawaasaa (waantota hawaasaan uumaman) xiyyeeffannoo argachuu qabaaniin
yaada isaaniiti. Akka yaada yaadiddamaa kanaatti qu`annoon hammayyaa ta`e yaadiddaa
qofaa kan giduu galeessa godhate miti. Odeeffannoo dirree kanneen waan seenaa durii,
waan durii irra deebi`anii fayyadamuu, xiinsammuu hawaasaa akkasumas, gama faayidaa
isaatiin waa`ee afoola sanaa kan agarsiisudha. Kanaafuu, qorannoon afoolaa waan aadaa,
duudhaa, faaya aadaa, akkasumas, qabeenya uummataafi naannoo xiyyeeffannoo keessa
galchuu qaba yaada jedhu yaadiddamni kun nutti agarsiisa.

Haaluma yaadiddamni aadaa hawaasaa ibsuun qorannoon kunis, hubannoo duudhaa


hawaasaa cimsuuf; hawaasichi sirna dur itti fayyadamaa ture sana ammas asiliin irra
deebi‟uun akka yaadatuufi itti fayyadamuuf; aadaan, duudhaafi faayni aadaa qabeenya
ummataa ta’uu isaa xiyyeeffannoo keessa galchuun qoratichi qorannoo kanaas barsiifata
aadaa hawaasa Oromoo Harargee keessaa “ xiinxala qabiyyee sirba heellee bulchiinsa
magaalaa Dirree Dhawaa keessatti argaman” qaaccessuu irratti xiyyeeffachuun aadaa
hawaasichaa kana duuba deebi’ee cimsuu, beekumsiifi hubannoon Oromoo harargee
bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti sirbi heellee akka dagaaguuf, dagatamaafi
bifa isaa gadi dhiisuun jijjiiramaa hindeemneef jecha faaruun sirba kanaa barreeffamaan
qindaa’ee dhaloota dhufuuf akka darbuuf jecha, qorannoo isaa xiinxala sirba heellee
dubartootaa irratti gaggeesseera.

2.9. Barruu Walfakkii

Qorannoowwan gara garaa kan kanaan dura hojjataman kanneen hamma tokko qorannoo
kanaa waliin walitti dhiheenya qaban kallattiinis ta’ee al kallattiidhaan muraasni isaanii
kutaa kana keessatti sakatta’amanii jiran. Garuu, sirba heellee kun gosoota afoolaa
keessaa tokko haata’uu malee xiyyeeffannoon kennameefi qorannaan irratti gaggeeffame
gahaa hin turre. Rakkoon kun ammo sirba heellee irrattis akka Dirree Dhawaatti ni
mul’ata. Kana jechuun ammo kanaan dura qorannoon heelleerratti gaggeeffame hin jiru
21

jechuu miti, jiraachuus ni danda’a. Garuu, akka Dirree Dhawaatti qorannoon


gaggeeffame hin jiru jechuu ni dandeenya.

Haa ta’uu malee qorannoon hanga tokko kanatti dhihaatu muraasa keessaa; kan Taaddala
Olaanaa Sanyii (2008/2016), waraqaa ittiin guuttannaa digrii lammaffaa isaa keessatti ,
mata duree qorannoo isaa kan Qaacceessa Weedduu Lookoo Haala Oromoo Gamoo
Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa, jedhu irratti kan xiyyeeffateedha.
Xiyyeeffannaan qorannoo isaatis qabxiilee weedduu lookoo addaan baasuu, qabiyyee
weeddichaa ibsuufi gahee ijaarsa eenyummaa gama hawaasummaan qabu agarsiisuu kan
jedhu addaan baasuudha.

Garuu weedduu lookkoo ilaalchisee garaagarummaa kan qabaniidha. Weedduun lookoo


yeroo cidhaa kan jedhu garuu yoomessaan sirba heellee yeroo cidhaa jedhuun yoomeessi
isaanii kan walfakkaataniidha. Weedduu lookoo jalatti Taaddalaan heellee akka mata
duree qabiyyee tokkootti yoo ibsu; kan koo gadifageenyaan heelleerratti xiyyeeffatee
ta’uun qorannoo koo kan isaarraa adda kan godhuudha.

Dabalataanis, Birhaanuu Hirkoo (2010) Kitaaba Biiftuu ganamaa, jedhu keessatti,


heelleen yoomeessaan daangeffamuu isaafi jala bultii cidhaatti dubartoota hiriyaa
intalaatiin kan sirbamuu tahuu ibsa. Garuu, birhaanuun heellee akka qabiyyee tokkootti
ibse. Qorannoon koo ammo gadifageenyaan maalummaa heellee, gosoota heellee,
qabiyyee qoqqoodama ergaa isaa irratti xiyyeeffadhee qarachuun koo kan isaarra adda isa
godha.

Gabaabumatti, qorataan qorannoowwan olitti eeraman kanneen hubannoo keessa


galchuun kan hubate, akka Oromoo Harargeetti qorannoon hojjetame jiraatus, akka
Oromoo Harargee Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti qorannoon tokkolleen sirba
heellee ilaalchisee akka hin hojjatamin qoratichi kallattumaan mirkaneeffatee kan bira
gaheedha.
22

3. XIIN MALA QORANNICHAA

Boqoonnaa kana jalatti: Saxaxa qorannichaa, Ibsa naannoo qorannichaa, Iddattoofi Mala
iddatteessuu, Madda ragaalee qorannichaa, Meeshaalee funaansa ragaalee, Mala qaacce
essaa ragaalee fi Naamusni qorannoo kan keessatti hammataman yoo ta’u, isaanis
walduraa duubaan akkaataafi haalli isaanii akka itti aanu kanaan dhihaatanii jiru.

3.1. Saxaxa Qoranichaa

Qorannoon kun afoola aadaa hawaasaa irratti waan xiyyeeffatuuf mala qorannoo
akkamtaa yookaan qulqulleeffataatti fayyadame kan hojjatameedha. Sababiin qorataan
qorannoo kanarratti mala qulqulleeffataatti gargaarameef mala kanaan ragaaleen
funaanaman lakkoofsaan osoo hin taane ibsuurratti waan xiyyeeffatuuf qorataadhaan
filatamee kan hojjameedha. Kuni immoo gaaffiwwan murteessoo kanneen akka
ka’umsaafi kaayyoo qorannichaatiif deebii kenna jedhee qoratichi itti amanee dhimma
kan itti baheedha. Qorannoo qulqulleeffataa ilaalchisuudhaan creswell (2003:178)
yemmuu, ibsuu,

“Qorannoo qulqulleeffataaf maddi ragaa xiyyeeffannaan filatamuun akka irra


jiraatu addeessa. Kuniis, qorataan odeeffannoo qabatamaa fi amansiisaa bira
akka gahuuf hawaasa keessa seenanii aadaa, duudhaa, dandeetti, dadhabbina,
fedhi, jaalalaafi jibba, tokkummaafi cimina hawaasummaa, walumaagalatti sochii
jiruufi jireenyaa daawwachuu, gaafachuu, yaadannoo qabachuufi waraabuun
gaggeeffama.” jechuun lafa kaa’a.

Haaluma kanaan odeeffannoon dhimmoota qorannicha keessatti dhiyaatan jechaan haala


galumsa taatee sanaa bu’uureeffachuun kan ibsameedha. Qabxiileen bal’inaan ilaalaman
qorataan ragaalee iddattoo irraa argate qaacceessuuf mala sakatta’aan ibsuutti
gargaaramee jira.

3.2. Ibsa Naannnoo Qorannichaa

Bulchiinsi Dirree Dhawaa baha Oromiyaa Finfinneerraa kiiloomeetira 501, Harar irraa
kiilomeetira 55, Jibuutii irraa kiloomeetira 311 fagaattee kan argamtuudha. Akkasumas,
magaalaa Oromiyaafi Jibuutii waliin hariiroo daldalaa cimaa qabaachuun
beekkamtuudha. Haalli qilleensa isiitiis gammoojjii hoo’aa yoo ta’u, hawaasniniis jiruufi
jireenya isaa daldalatee bulaa, qotatee bulaafi horsiisee bulaatti adda qoqqoodamuudhaan
kan jiruu isaanii gaggeeffataniidha.
23

Kanumaan wal qabatee, Dirreen Dhawaa bulchiinsa mataa ofii kan qabdu yoo ta’uu,
araddoota magaalaa 9fi araddoota baadiyyaa 38 kan of keessaa qabuudha. Magaalaan tun
magaalaa sabaafi sablammoota of keessatti hammatteefi baay’inaan hawaasni Oromoo
naannawa isiifi magaalaa keessa kan jiraatuudha. Magaalaan tun Ona afran qalloo ta’uu
wajjiin; lafa seenaafi aadaa guddina aartii afaan oromootiif akka hangafaatti kan
laalamtuudha.

Gama biraatiin, baayyinni lakkoofsa Uummata jiraattota magaalaa bulchiinsa Dirree


Dhawaa kan magaalaafi baadiyyaa ilaalchisee kitaabni “ Federal Democratic Of Ethiopia
Commission Centaral Agency, The (2007) population and housing cencus of Ethiopia
results for Dire Dawa city administration statistical report” jedhu, akka ibsutti, baayyinni
ida’ama bulchiinsa magaalaafi baadiyyaa 341,834 yoo ta’u, saalaan lakkoofsi dhiiraa,
171,461, dubartoota, 170,373 dha. Jechuun ibsa. Haaluma kanaan jiraattonni magaalaa
qofti dhiiraafi dubartoonni ida’amni isaanii, 233,224 yoo ta’u, dhiirti 116,232,
dubartoonni, 116,992, akkasumas lakkoofsi ummata baadiyyaa kan saala lameenii,
108,610 yoo ta’u, dhiirti, 55,229 yoo tau, dubartoonni, 53,382 jechuudhaan kan
teechisuudha.

Dabalataanis, baayyinni sabaafi sablammootaa 88 bulchiinsa keessatti kan argaman


ta’uufi baayyina kanas sadarkaa isaaniitiin kan ibsuudha. Isaan keessaa Oromoon
156,958, Amaarri 68,962, soomaaleen 83,069, guraageen 15,543 yoo ta’an, walumaa
galatti, sabni guddaan Oromoo yoo ta’u, sabni xiqqaan Ozilii fi Tsamaay, lakkoofsaan
saba walqixaafi gadaanaa akka ta’an gabaasamee jira.

Walumaagalatti, yaada armaan olitti dhihaatee kana irraa wanti hubatamu, magaalaan
Dirreen Dhawaa lafa sabaafi sablammoota biyyattii keessa jiran guutumaa guututti of
keessatti hammaattee jiraachistu tahuu isii kan agarsiisuudha. Akkasumas, hawaasni
ballinaan magaalaa keessaafi baadiyyaa naannoo ishii keessa jiraatu saba Oromoo akka
ta’e ragaa bahuu isaa kan mirkaneessuudha.
24

Fakkii 1. Kaartaa Naannoo Bulchiinsa Dirree Dhawaa


25

3.3. Madda Ragaalee Qorannichaa

Qoratichi qorannoo kana keessatti madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaattii
fayyadameera. Qorannoo kana keessatti akka madda ragaa tokkoffaatti kan filataman,
namoota hawaasa keessatti hubannoo waa’ee sirba heellee qabaniidha. Kuniis, Haawwan
gurguddaa, haawwan gumureeyyii fi shamarran dubraa kan Magaalaa Dirree Dhawaa
keessa jiraataniidha. Namoonni kanneenis, warra sirba heellee keessatti hirmaatanii fi
beektota dhimma kanaa madda godhachuudhaan kan raawwatameedha. Akka madda
ragaa lammaffaatti immoo sakatta’a kitaabiileefi barruulee qorannoo gara garaa kan
maxxanfamaniifi hin maxxanfaminiis sakatta’uun ragaa isaa akkuma tartiiba isaaniitiin
qindeessee qaacceessee jira.

3.4. Iddattoofi Mala Iddatteessuu

3.4.1. Iddattoo

Qoratichi qorannoo kanaaf iddattoo filatee qorannoo gaggeessee jira. Iddattoon qorannoo
kanaatiis, araddoota bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa keessaa gandoota muraasa
keessaa fudhachuun qorannoon irratti kan hojjatameedha. Namoonni akka iddattootti
filataman haawwan gurguddaa, haawwan gumurreeyyii fi shamarran gashaantii yookaan
dubra xixiqqaa kanneen Magaalaa Dirree Dhawaa keessa jiraataniifi dhimma sirba
heellee irratti hubannoo fi muuxannoo qabaniidha. Haaluma kanaan, haawwan gurguddaa
nama lama (2), haawwan gumurreeyyii nama sadi (3), fi shamarran gashaantii nama
lama (2), walumaa galatti iddattoo nama torba (7) irraa odeeffannoon funaannamee
jira. Qoratichi qorannoo kanaaf iddattoo kan filateef yeroo, baasiifi humna namaa
qusachuudhaaf jecha baay’ina iddattootaa gad-xiqqeessee filachuudhaan qorannoo kana
hojjateera.

3.4.2. Mala Iddatteessuu

Qorataan qorannoo kana hojjachuurratti malleen iddatteessuu jiran keessaa mala


iddatteessuu miticarraa (non-probability sampling) fayyadamuun qorannoo kana
hojjateera. Akkatuma kanaan namoota sirba heellee sirritti beekan haawwan gurguddaa,
haawwan gumureeyyii fi shamarran dubraa kan bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa
keessa jiran gaggaafachuudhaan maqaa isaanii argachuun danda’ameera. Namoota
26

kanas, qoratichi mala iddattessuu eerumsaa yookaan darbaa dabarsaa kan argateedha.
Gama biraatiin namoonni kunniin milkaa’ina kaayyoo qorannootiif baay’ee barbaachisoo
waan ta’aniif, mala iddatteessuu akkayyootti gargaarame jira. Malli kun hunda
hammattoo osoo hin taane namoota waan sana ni beekan jedhaman irratti xiyyeeffachuun
kan raawwatameedha. Yaaduma kanaan walqabatee Filee Jaalataa (2019:68), yoo ibsu,

“Odeef-kennitoonni kan fudhataman miseensummaa hawaasaa keessa jiran


qofaaf osoo hintaane, beekkumsa sirna tokkoo, raawwii taateewwan adda addaa
keessatti gahee yokiin muuxxannoo qabaniin sochii aartii fi duudhaalee adda
addaa keessatti akkaataa gahee qabaniiniidha.” Jechuun addeessa.

Malli iddatteessuu akkaayyoon, namoota qorannichaaf odeeffannoo barbaachisu kennan


iyyaafachuun, itti guuta odeeffannoo argameetiif deebistoota kanneen biraas akka eeran
taasisuun kan adeemsifameedha. Malli kun irra caalaa kan filatameef namoota sirba
heellee irratti odeeffannoo bal’aa kennuu danda’an kan argamu mala kanaan waan ta’eef
filatame. Kunis qorataan namoota tasa argate mara hanga lakkoofsi miseensota
odeeffannoo irraa barbaadu guutuufitti faana dhahuun qorannoo isaa adeemsisuun ragaa
funaaname wal bira qabamee qaacceeffamee jira.

3.5. Meeshaalee Funaansa Ragaalee

Qorataan qorannoo isaatiif ragaalee barbaachisu yeroo funaanetti meeshaalee funaansa


ragaalee, afgaaffii, hub daawwannaafi marii gareetti dhimma bahee jira. Meeshaaleen
funaansa ragaalee qorannoo kanaatiis, akkaataa armaan gadiitiin dhihaate jira.

3.5.1. Af-gaaffii

Afgaaffiin meeshaalee funaansa ragaa keessaa isa tokko yoo ta’u, kan qorataan qaamaan
fuulaa fuulatti odeef-kennitoota biratti argamuun raga irraa ittiin funaannateedha.
Akkaatuma kanaan qorataan namoota sirba heelleerratti hubannoo sirritti qaban
haawwan gurguddaa 2, hawwan gumureeyyii 3, shamarran xixiqqaa 4, waliigala
namoonni 9, afgaaffiidhaaf dhihaataniiru. Afgaaffiin dhihaate gosoota gaafilee banaafi
cufaas kan qabuudha. Yaada kana ilaalchisee, Filee Jaalataa (2019:64), afgaaffii
ilaalchisee yoo ibsu,
27

“ Saxaxa qorannoo akkamtaa keessatti afgaaffiin gosa adda addaan, kallattii


adda addaanii fi adeemsa adda addaan raawwata. Kaayyoon af-gaaffiidhaan
odeeffannoo aadaa yookaan akkamtaa walitti qabachuu, odeeffannoowwan hub
daawwannaafi marii gareedhaan walitti qabatan mirkaneeffachuuf yookaan
deebiiwwan daawwannoo waraabbii yookaan marii garee keessatti hin deebine
deebisuufi qaawwa jiru duuchachuudhaaf, faaydaa guddaa qaba.” Jedha.

Kanaaf, qorataan qorannoo isaatiif ragaa argachuuf jecha, ragaa kennitoota torba (9)
waliin kallattiin walqunnamee afgaaffii baayinaan afur ta’u kanneen gaafiilee xixiqqoo
hedduu of jalaa qabutti fayyadamuun odeeffannoo funaannate gara barreeffamaatti
deebisee qaaccessee jira.

3.5.2. Hub-Daawwannaa

Hub-daawwannaan meeshaalee ragaan ittiin funaannamu keessaa tokko ta’ee


odeeffannoo jalqabaa (primary data) qorannoo tokkoof barbaachisu ittiin walitti qabuuf
gargaara. Daawwannaadhaan ragaalee akkaataa sirbi heellee itti sirbamu irratti afaaniin
funaanaman, mirkaneeffachuuf, qorataan daawwannaa gaggeessee jira. Daawwannaa
kana keessattis qorataan daawwataa ta’uudhaan, warra sirba heellee sirban duursee
heyyamsiisuudhaan daawwachuun danda'ameera. Yeroo isaan sirban kanatti daawwachaa
guca yaadannoof qophaa’erratti yaadannoo qabateera. Akkasumas, nama waraabduu
suur-sagalee (vedio camera) qabuuf tokko akka miiltootti qopheeffachuun ragaa
funaannateera. Haala kanaan, ragaalee walitti qabame irra deddeebiin dhaggeeffachuu fi
ilaaluun barreeffamatti jijjiiruun qoqqoodamee, maaliif akka gargaaraniifi hawaasicha
keessatti maal akka ibsaniin xiinxalamee jira.

3.5.3. Marii Garee

Mariin garee mala funaansa ragaa keessaa isa tokko yoo ta’u, qorataan odeeffannoo
yookaan ragaa afgaaffii fi hub-daawwannaan argachuun hin danda’amne argachuuf
gaheen inni qabu ol’aanaadha. Kanaaf, qorataan kunis odeeffannoo gahaa fi amansiisaa
ta’e argachuuf, marii gareetti gargaaramee jira. Kunis, haawwan gurguddaa 3 fi hawwan
gumureeyyii 2, shamarran dubraa 2, walii gala namoota 7 garee miseensota 4, qaban lama
gaaffilee marii gareetiif qophaa’an irratti dabare dabareedhaan akka yaada kennan
taasifamaniiru.
28

Sababni marii garee kun barbaachiseef, odeeffannoo af-gaaffiin funaanaman irratti yaada
dabaluun odeeffannoo gahaa argachuudhaaf namoota dhimma kana haalaan beekan
waliin mari’achuun toftaa qorataan ittiin gargaarameedha. Haala kanaan ragaaleen walitti
qabamaniis irra deddeebiin dhaggeeffachuu fi ilaaluun barreeffamatti jijjiiramee
xiinxalamee jira.

3.6. Mala Qaaceessa Ragaalee

Qorannoon kun mala qaaccessa ragaalee akkamtaa kan fayyadame yommuu ta’u, kunis
odeeffannoo akkamtaa gaaffiiwwan maaliif ? akkamitti ? jedhuuf deebii laachuuf kan
carraaqeefi dhimmoota qorannicha keessatti dhiyaatan hunda jechaan kan ibseedha.
Yaada kana David E.G (2004:346) yoo ibsu, “ xiyyeeffannoo guddaan mala akkamtaa
akkaataa uummanni waan tokko gochaan agarsiisu hubachuufi itti gaafatamummaa
hawaasichi gochoota raawwataman kanneeniif qaban xiinxaluuf akka ta’e agarsiisa.”
jechuun eera. Sababiin qoratichi mala akkamtaa filateef dhimmoonni qorannoo kana
keessatti ka’an kan hawaasni sirnaan raawwatu waan ta’eef, kallattiidhaan hawaasa
keessa seenuun yookaan hirmaachuun odeeffannoowwan meeshaalee funaansa ragaalee
sadeeniin funaaname walitti qabuun mala kanatti dhimma bahee barreeffamaatti
jijjiiruun qaaccessee jira.

3.7. Naamusa Qorannoo

Qorannoo tokko gaggeessuu keessatti ragaa sirrii ta’e argachuuf haalli dhiyeenya qorataa
haalaan murteessaadha. Haala kana keessatti hawaasa sana wajjiin yeroo baay’ee turuun
haala hawaasichaa gadi fageenyaan beekuun murteessaadha. Haaluma kanaan akkaataa
uffannaa, aadaa nyaataafi amantii isaanii kabajuudhaan odeeffannoo kennitootaan
waliigalee haasaa godhuufi hojjechuun barbaachisaadha. Adeemsa kana faana bu’uun,
qorataan argannoo qorannoo isaa milkeessuuf odeeffannoo kennitoota waliin qophii
qamaatii jimaa, gaayyaa fi lulluuqata barcaa qopheessuun taphachaa odeeffannoo isaan
kennan funaannachuun kan raawwatameedha.
29

4. DHIHEESSAA FI QAACCEESSA RAGAALEE

Qabiyyeewwan Faaruu Sirba Heellee Akkaataa Qoqqoodama Isaatiin walqabatee Ergaan


Inni Dabarsuun sirbi heellee ulaagaa dhaabbataa osoo hin taane akkaataa qoqqoodama
isaarratti hundaahuun qoqqoodamee kan ergaa dabarsuudha. Innis faaruuwwan haala
irratti hundaahuun qoqqoodamee dhaamsa dabarsuu fi faruuwwan dhimma irratti
hundaahuun qoqqoodamee ergaa dabarsuudha. Akkaataan qoqqoodama sirba heellee kun
faaruuwwan gara garaa kan ofkeessaatti hammatu yoo ta’u, isaanis wayta fuudhaafi
heerumaa intala faarsuu, gurbaa faarsuu, soddoota lamaan faarsuufi wayta hojii
misoomaafaa dhiira ittiin mirqaansuuf kan sirbamudha. Yaada kana ilaalchisee qabiyyeen
qoqqoodama sirba heellee ergaa inni dabarsu maal akka ta’e irratti odeeffannoon odeef-
kennitootaan kanname kan mullisu, “ Qabiyyee qoqqoodama sirba heellee keessatti,
faaruulee gara garaa kan akka intalaa fi gurbaan hangafanii soddoota lameenii fi gosaa-
laammii, hanga shanyii saba isaaniitti faarsanii gammachiisuun dabaalaa kan
galchaniidha.” Jechuun, keessa beektonni sirba heellee yaada isaanii naaf gumaachan.

Kanumaan walqabatee, qabiyyeen qoqqoodama ergaa isaatiin sirbi heellee, kan


dhimmaan walqabatee sirbamuufi kan haalarratti hundaahuun sirbamuu jiraa. As jalatti
ammaaf gargar bahuu baatanis, mataduree itti aanuu keessaa kan adda baafamu yoo ta’u,
isaan kunneen akka qoqqoodama qabiyyee sirba heelleetti, faaruu afeerraa gumaataa,
faaruu gurbaafi intalaa, faaruu haadhaafi abbaa intalaa yokiin gararaas, faaruu soddoota
lamaanii, faaruu gorsa hiriyaa, faaruu dhaamsa hiriyaafi faaruu bariitee kan of keessaatti
hammatuudha. Kanaafuu, faaruuleen qabiyyeen sirba heellee of keessaa qabu isa duraa
ta’ee gorsaaf, dhaamsaf, hawwiif walii qabaachuun, qooda yookaan gahee shamarran
maatiif qaban, faaya aadaa yeroo fuudhaafi heerumaa akkasumas dhaammannoofi
marartee waliif qaban weedduu sirba heellee keessatti kan hammatamaniidha.

Gabaabumatti, qorataan kunis qabiyyeewwan sirba heellee akkaataa qoqqoodama isaatiin


walqabatee ergaan inni dabarsu irratti hundaahuun adda qoodee jira. Haaluma kanaan
ragaalee meeshaalee funaansa ragaaleetiin arkate walkeessa makee akkaataa walitti
dhihaataniin qoqqoodee qindeessee ergaa isaanii waliin haala armaan gadii kanaan
xiinxalee dhiheessee jira.
30

4.1.Qabiyyeewwan Faaruu Sirba Heellee Kan Haalarratti Hundaahuun


Qoqqoodamanii Ergaa Dabarsan

4.1.1. Faaruu Sirba Heellee Afeerraa Gumaataa

Heelleen maqaadhaan moggaasa tokko haaqabaatuu malee, akkaataa qoqqoodama


qabiyyee raawwiitiin wal dhaba. Isaan keessaa heelleen afeerraa yookaan heelleen
gumaataa isa tokkko. Akka odeef-kennittoonni jedhanitti, sirbi heellee afeerraa gumaataa
kun, kan aaliin yookaan firri gara intalaas ta’ee gurbaa qoriiwarra fuudhaa geessuuf,
ganda ollaa afeeranii gamtaan heellee dhawachaa kan dhaqaniidha. Haalli afeerraa
gumaataa kun waalama ofkeessatti hammata; qoriifi maallaqa. Qoriin gosa nyaataafi
dhugaatii kan akkaa marqaa, biddeena, buchuma aananiifi kanneen biroo maqaa kaasuun
nidanda’ama. Maallaqni buusii gargaarsaa warra lameen walfuudhe kanaaf meeshaa ittiin
bituufis ta’ee bultii isaanii ittiin utubuuf jecha, bultiin wasaasaa akka taate itti mullisuun
taphachaa kan itti gumaachaniidha. Gargaarsi gumaataa kunis gama biraatiin; firaafi fira
giddutti, ollaafi olla giduutti hariiroo jaalalaafi tokkummaa cimsuuf kan gargaaruudha.
Faaruun sirba heellee haawwan gumureeyyiin yeroo kanatti haala beekkamaa ta’een kan
taphataniidha. Jechuun ibsaniiru. Haalli qarataan odeef-kennitootarraa odeeffannoo
argate kunis, haala faaruu walaloo isaatiin akka armaan gadii kanatti dhihaatee jira.

Hubachiisa: Qubeen “A” Baaftuu sirba heelleeti bakka bu’a


Qubeen “ B” Jalaa qabdoota sirba heelleeti bakka bu’a.

A. Qalamshiisha goodimee qalamshiisha goodimee


Aayyoo aruus siif dhufee na booni mee
Siif dhufee na boonimee
B. Qalamshiisha goodimee qalamshiisha goodimee
Aayyoo aruus siif dhufee nabooniimee
Siif dhufee na booniimee (2)

Akkana jechuun kan sirban yoo ta’an, qabiyyeen walaloo sirba heellee kun ergaan isaa,
haadha cidhaatiin sibira jirraa nu abdadhuu, gammadi ittiin jechuu isaaniiti ibsa,
Akkasumas, guyyaa cidhaa walitti dhufanii walgargaaruun gammachuu waliin
qooddachuu kan mirkaneessuudha. Qalamshiishniis meeshaa aadaa kan yeroo cidhaa
31

kabajaaf namni afeerraa cidhaa waamamee dhufe qabatee dhufuufi faaya bareedaa kan
yeroo aruuza kabajaaf qabatanii dhufan ta’uu mul’isa.

A. Jooylee jirma qorii lafa naqii


Aayyoo aruus hin dhufne jettaa
Dhufne kunoo kuuttu alaa ol nunaqii
B. Jooylee jirma qorii lafa naqii
Aayyoo aruus hin dhufne jettaa
Dhufne kunoo koottuu alaa ol nunaqii (2)

Akkana jechaa kan sirban yoo ta’u, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaate wanti
hubachiisu, aayyo waamicha keetiin dhufnee koottuu nu simadhu. Koottuu nu dabaali.
Jirma qorii kan jedhuus guduunfaa/ Kennaa gargaarsaaf qabatanii dhufan nurraa
qeebaladhu yaada jedhu ergaa dabarsa.

A. Fadisii roobni hangahee


Miidhagaa roobni hangahee
B. Fadisii roobni hangahee
Miidhagaa roobni hangahee
A. Haboo isii nu waamee silkii dhahee
Nu waamte silkii dhahee
B. Haboo isii nuwaamee silkii dhahee
Nu waamte silkii dhahee (2)

Jechuun yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee, ergaan isaa,waamicha
haboon waamte fageenyi akka hin hanqisneefi sadarkaa haadhatti ilaalamuu isii kan
hubachiisuufi yeroo cidhaa firri fageenya yoo jiraatees waliif dirmatuufi walmalee akka
hin qabne dhaamsa jedhu agarsiisa.

A.Yaa dinnichaa raaree nama nyaatee beekaa


Nama nyaatee beeka nama nyaate beekaa
Isaan haawwanii keessaa nama taateen beekaa
B. Namaa taateen beekaa nama taateen beekaa
32

A. Isaan ollaa gaarii nama taateen beekaa


B. Nama taateen beekaa namaa taateen beekaa
A. Isaan aalii balloo nama taateen beekaa
B. Nama taateen beekaa nama taateen beekaa (2)

Akkana jechuun kan sirban yoo ta’u, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaate irraa
ergaan hubatamu; haati aruuza namoota aalii, ollaafi gandaa kan hojii isii gargaaran
maalummaafi gaarommina isaanii ibsuuf haatii aruusaa faaruu sirbaa kana kan itti
fayyadamtuudha. Akkasumas, guyyaa fuudhaa kana gargaarsa aaliifi ollaan gandaa isiif
taasisan gammachuu isitti dhagahame karaa sirbaatiin namoota isii bira dhaabbataniif kan
itti galatoomfattuudha.

Walumaagalatti, fakkeenyoota qabiyyeewwan walaloo sirba heellee armaan olitti


dhihaatan irraa ergaan hubatamu akkaatuma teessumti lafaa fi loqonni haala naannoo wal
dhabaa adeemuun haalli barsiifata hawaasa naannootiis kan wal dhabuudha. Oromoo
Harargee naannoo Dirree Dhawaa jiraatan birattiis dubartoonni adeemsa ittiin wal
eebbisaa, wal faarsaa, wal guddisaa taphatan keessatti sirbi heellee tokko tahuu isaa
faaruun walaloo armaan olii kun ni ibsa. Walaloon bo’oowwan gara jalqabaa kanarratti
dhihaatan kanarraa wanti hubatamu, mixiin wal gargaartee laga ceeti, akkuma jedhamu
hawaasni Oromoo aadaa wal gargaaruu bira darbee gara laafummaan sadarkaa
addunyaatti dorgomaa akka hin qabne tahuu kan hubachiisuudha. Yeroo fuudhaa fi
heerumaa aalii fi ollaan tanamoomtiis dabalatee xiqqoo fi guddoo qaban waliif
gumaachuun warra fuudhaa bira dhaabbachuun xiqqoo qaban fidanii arjoomuun bakka
hanqatte irraa cufuun abdachiisuu bira darbee kan gammachiisan yookaan faarsan ta’u
mullisa.

Addatti garuu kan nama ajaa’ibsiisu, bo’oon walaloo gara dhumaatti kan inni ibsu,
jireenyi warra wal fuudhee fuuldurri isaanii sadoofi qananii akka ta’uuf eeybisanii kan
taphatan ta’uu kan agarsiisuudha. Kan firaa, kan gandaa akkasumaas hiyyeessa rakkataas
akkuma sooressa isaanii bira dhaabbatanii itti hirmaachuun nyaataa fi dhugaatii waan
barbaachisuun bira dhaabbatanii akka kophxoomni itti hin dhagahamne abshiir sibira jirra
maaltu hanqate jechuun itti dirmatanii gargaaruun kan taphataniifi sirba heelleetiin kan
gammachiisaniidha.Walumaagalatti, faaruun heellee afeerraa gumaataa kan mul’isu
dubartoonni kan firaas tahee kan ollaa gandaa yeroo fuudhaa fi heerumaa waan qaban
33

waliif gumaachuun haadha intalaa fi gurbaas faarsanii firummaa cimsuufi jaalala


obbolummaas dabalatee aadaa hawaasa ollaafi gandaa jiddutti hidhata wal gargaaruu, wal
bira dhaabbachuufi eeyba warra walfuudheef godhaa balachuu ayyanaa waliin
qooddachuu isaanii kan ibsuudha.

4.1.2. Fuuruu Sirba Heellee Warra Soddaaf / Soddoowwaniif Sirbamu

Soddaan kabaja akkuma jedhamu, adeemsa fudhaafi heeruma aadaa harargeetti guyyaa
kadhaa qaalimummaatiif guduunfaafi jimaa warrii gurbaa warra intalaa geeysan irraa
jalqabee hanga ayaama guyyaa fuudhaatti, gabbaraa gabbaartiin warraa intalaa
kunuunsuun beekkamaadha. Akka odeef-kennitoonni dubbataniitti, “ Warri intalaatis
akkasumatti warri gurbaa yoo isaaniif ta’e, simatanii dabaaluun waan qabaniin ka’anii
bira dhaabbatanii kan ulfeeysaniidha. Gareen warra soddaa gurbaatis erga nyaatanii
dhugan booda galata isaaniifi lafee qabaachuu isaanii faarsuu bira darbanii wanti
irratelleen yoo jiraate ni guuttanna tahafteefis isinii dachaana jechuun akka guutan
afeerraa yaadaa sirba heellee keessatti kan dhiheessaniidha.” Jechuun yaada isaanii
gumaachan. Akkaatuma kanaan warra soddaa faaruulee gara garaatiin kan dabaalan yoo
ta’u, adeemsi faaruu isaatis akka armaan gadii kanaan dhihaatee jira.

A. Dadar gubbaa jiini naanaa


Dadar gubbaa jiini naanaa
Soddaa gaarii amma turree gala yaana
Ta hafteefis ni dachaanaa
B. Dadar gubbaa jiini naanaa
Dadar gubbaa jiini naanaa
Soddaa gaarii amma turree gala yaanaa
Tahafteefis ni dachaanaa (2)

Jechaa haala kanaan yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaate ergaan isaa,
guyyaan dhumee halkanii waan as deemuuf, walitti dhammachuu isaanii kan ibsuudha.
Akkasumas, kabajaafi jaalala soddaa lameen jidduu jiru kan mullisuufi walitti
dhaammatanii gaafa biraatis ballinaan akka waliitti dhufan tahuu walbeeysisuun kabaja
waliif godhuu isaanii dhaamsi isaa kan mirkaneessuudha.
34

A. Jooylee sangaa burree gama baasee


Soddaa gaarii nadhii deeymaa nu obaasee
B. Jooylee sangaa burree gama baasee
Soddaa gaarii nadhii deeymaa nu obaasee
Soddaa gaarii nadhii deeymaa nu obaasee (2)

Akkana jechaa kansirbaniidha. Qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee ergaan isaa
kan inni ibsu, simaannaafi tajaajila warri soddaa; warra soddaa isaaniitiif godhan ibsuufi
gaarommina warri soddaa qaban ibsuuf kan itti fayyadaman ta’uu dhaamsi walalichaatiin
kan waliif addeessaniidha.

A. Mushammaa murree kiyyaa


Mushammaa murree kiyyaa
Aalii balloo qe’een tan soddaa kiyyaa
Qe’een tan soddaa kiyyaa
B. Mushammaa murree kiyyaa
Mushammaa murree kiyyaa
Hidda ballaa mooraan ta soddaa kiyyaa
Mooraan ta soddaa kiyyaa (2))

Haala kanaan yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee ergaan isaa kan inni
ifa taasisu, galmi yookaan bakki jiran mooraa warra soddaa tahuu, aaliifi ollaa dhufan
beeysisuu isaanii kan wal beeysisan tahuu hubachiisa. Akkasumas, soddaan, soddaa isaa
kan akkam akka tahee warra ollaa isaa hubachiisuuf kan itti fayyadama ta’uu agarsiisa.

A.Way hiddii hidda loonii way hiddi hidda loonii


Aayyoo aruus numaatu waliif foonii
Mee koottuu taphadhuu arra boonii
Taphadhuu arra boonii
B. Way hiddii hiddaa loonii way hiddi hidda loonii
Aayyoo aruus numaatu waliif foonii
Mee koottuu taphadhuu arra boonii
Taphadhuu arra boonii (2)
35

Akkana jechuun kan sirbaaniidha. Qabiyyeen walaloo armaan oliitti dhihaate ilaalchisee
ergaan toorri sarara sadaffaafi afraffaa kan inni mullisu guyyaan arraa kun keetii aayyoo
aruus gammadii taphadhu kan jedhu yoo ta’u, dabalataanis kana booda akka fira tahan,
haadholiin aruustotaa lameen kan itti wal hubachiisan ta’uu agarsiisa.

A. Naa murii maangoo tanaa


Naa muri maangoo tanaa
Sooddaa gaarii sii qaba aangoo tanaa
Sii qaba aangoo tanaa
B. Naa murii maangoo tanaa
Naa muri maangoo tanaa
Soddaa gaarii si qaba aangoo tanaa
Sii qaba aangoo tanaa(2)

Jechaa yoo sirban qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee ergaan isaa, sadarkaafi
kabaja warri soddaa qabu, akkasumas, guyyaan kun kan isaanii ta’uufi, arra ulfinaafi
guddinna qabaachuu isaanii kan itti mirkaneessaniidha. Dabalataanis, soddaan kabaja
isaan male akka qabuufi arra ulfinni isaanii sadarkaa akka qabu kan itti hubachiisaniidha.

A. Siin dararuu guutumaa siin dararuu guutumaa


Soddaa gaarii muraannii kee guutumaa
Muraanni kee guutumaa
B. Siin dararuu guutumaa siin dararuu guutumaa
Soddaa gaarii muraannii kee guutumaa
Muraanni kee guutumaa(2)

Akkaataa kanaan yoo sirbamu, ergaan qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee kan inni
mirkaneessu, warra soddaa galatoomfachuufi akkasumas gaaromminaafi arjummaa
qabaachuu warra soddaa galata kan galchaniif ta’uu kan wal hubachiisaniidha.

Dimshaashumatti, fakkeenyoota qabiyyee walaloo sirba heellee armaan olitti dhiyaatanii


ergaan isaa kan inni irratti xiyyeeffatu, akkataa gaarommina warra soddaatiifi uumamaan
jalalaafi kabaja namaaf qabachuu isaanii faaruu sirba heelleetiin galata galchuufi
agarsiisa. Dabalataanis, bo’oon walaloo garri boodaatis haalli warri soddaa calaqqisiisu
36

kan nama dinqisiisuufi soddummaan isaanii alagummaarraa bahee firummaa dhugaa kan
namummaa kan namatti mullisuu ta’uu ibsa.

4.1.3. Faaruu Sirba Heellee Balaaleeffannaaf Sirbamu

Karaan dubartoonni mirga isaanii ittiin falmatan keessaa tokko sirba heelleeti yoo
ja’amee akka naannoo harargeetti waa xiqqollee kan nama wal gaafachiisuu miti.
Adeemsa fuudhaafi heerumaa keessaattis ittiin wal qeequufi wal sirreessuu keessatti
gahee olaanaa qaba. akka odeef-kennitoonni himaanitti, “Siyaasa biyyattii keessattis,
sirba heellee fayyadamuun quuqama, dhiibbaafi roorroo kan ittiin ibsachaa dhufaniidha.
Gama biraatiinis, roorroo gama dhiiraatiin haadha manaarra gahu mirga isii dhiibuus
ta’ee akkasumas, dubartiin mirga abbaa warra isii dhiibdus bifuma wal fakkaataan akka
isaan of qeeqan walaluma sirba heellee keessatti kan itti himaniidha.” Jechuun dubbatu.
Walumaa galatti, akkaataan faaruu sirba heellee kun haala armaan gadii kanaan dhihaatee
jira.

A. An haallii kuun naaf hin taanee


Aayyoon aruus gadii baanee
B. Gad hin baanee
A. Firrii isii gadi baanee
Ollaan isii gadi baanee
Aruus boonaan gadi baanee
B. Garre kunoo garre kunoo (2)

Akkana jechaa yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee ergaan isaa kan
agarsiisu, balaaleeffannafi komii haadha aruusaa, fira haadha aruusaa, ollaafi gurbaa
fuudhu dabalatee, wayta dubartoonni mana warra gurbaa fuudhuu yookaan intala
heerumtuutti sirban gad bahanii yoo hamilee kennuufii baatan hir’ina jirurratti
balaaleffannaa isaanii faaruun kan ibsatan tahuu kan agarsiisuudha.

A. Barbareen haraaraa diimattee akka foonii


Gadheen bultii beeyne mar’attee akka loonii
B. Mar’atte akka loonii (2)
37

Akkana jechaa yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee sararri jalqabaa
ergaan isaa, barbareen bifaan foon fakkaattee bareeddee nyaataaf itti fayyadamtus
sadarkaan isii foonii gad akka taate yoo ibsu, sararri lammaaffaatis jireenya maatii
keessatti waldhabbiifi dheekkamni akka bultii diiguuf sababa ta’uu balaaleffachuu isaanii
kan itti wal hubachiisan ta’uu agarsiisa.

A. Jimaan diimaan haa meyru maal balleeysee


Haa meyruu maal balleeysee
B. Jimaan diimaan haa meyru maal balleeysee
Haa meyruu maal balleeysee
A. Jawaar Mahaammad haa bahuu maal balleeysee
Haa bahuu maal balleeysee
B. Jawaar Mahaammad haa bahuu maal balleeysee
Haa bahuu maal balleessee (2)

Jechuudhaan wal jala qabaa yoo sirban, qabiyyeen walaloo olitti dhihaate ergaan isaa,
seeraan ala hidhamuufi yakkamuun namaafi miti biqiltuunu tuqamuu akka hin qabneefi
jawaar mahaammadis yakka tokko malee waan hidhameef, hidhamuun isaa sirrii akka hin
taane faaruu sirba heelleetiin dhaamsa dabarfachuu isaanii kan hubachiisuudha.

Dimshaashumatti, qabiyyyyeewwan fakkeenyota walaloowwan weedduu sirba heellee


armaan oliirraa dhaamsi hubatamu, yoo dubbii afaaniitii dhagaa bittuu hii, jechuu yoo
taatee malee, Warri balachuu fuudhaa qabu guyyaa cidhaa waan alaa raawatamu shaakala
hujiirraa kan ka’e, waan takka quba hin qaban. Haa ta’uu malee, namoota isaaniif jecha
waan qabu fidee alaa heelleen of booharsaa taphatu kana fayyaadahaafi allamagan tahaa
akka jedhaniin barbaadu; warra cidhaarra waan kana dhabuun jiraachuu nidanda’a.
Walaloon sirba heellee olitti dhiyaate kunis, bo’oon jalqabaa komii haadhafi fira haadha
cidhaarraa qaban kan mullisuudha. Komiin kunis, haatii mana aruuzaa gadi baatee
bishaanumallee dhugaa jecha afaaniitiin akkamiitti nuuf dhabdee yaada jedhu
balaaleffannaa dhiheessuu agarsiisa. Bo’oon sadaffaatis, waldhabbiin bultii keessatti akka
hin barbaachifne agarsiisa. Bo’oon maayyiitis, haqaafi seera malee roorrifamuufi
hidhamuun siirri ta’uu dhabuu kan hubachiisuudha.
38

4.1.4. Faaruu Sirba Heellee Hojii Misoomaaf Sirbamu

Hoj-maata hujii keessatti, afoolli gahee olaanaa qaba. Fakkeenyaaf, akkuma warri dhiiraa
yeroo hojjatan geerarsaan hujiirratti wal kakaasanii wal jajjabeessan; hawaasni
dubartootaatis faaruu sirba heellee taphachuudhaan ofii isaanii faarsuu bira darbanii
dhiira hojjattus faarsanii gurra itti godhuudhaan kan onnachiisaniidha. Dubartoonni
dagalee dhiiraati, yoo ja’ame xiqqollee hin dogongorre. Akkaatuma kanaan dubartoonni
wayta hujiin adda addaa hojjatamu sirbamu kun kan inni fayyaduuf, namni hojiin tola;
carraaqqatan malee milkaa’inni akka hin jirre ibsuuf jecha hawaasa gara dalagaatti kan
dammaysuudha. Gabaabumatti, akka odeef-kennitoonni himanitti, “ Dubartoonni namni
carraaqqatu kabaja isaan malu argachuu kan qabuufi kan hin carraaqqatin akka
milkaa’ina hin arganne faaruu sirba heelleetiin kaan hamilchiisanii isa kaan hamilee
cabsaniidha.” Jechuudhaan yaada isaanii ibsu. Haalli faaruu isaatis akka armaan gadii
kanaan dhihaatee jira.

A. Tundirreen ta misoomaa tun dirreen ta misoomaa


Qeerroo biyyaa koo naaf seenii gaabbiinaa
Siiniin oofa makiinaa siiniin oofa makiinaa
B. Tun dirreen ta misoomaa tun dirreen ta misoomaa
Qeerroo biyyaa koo naaf seenii gaabbinaa
Siniin oofa makiinaa siiniin oofa makiinaa (2)

Akkana jechaa kan sirba yoo ta’u, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee dhamsi isaa
kan mirkaneessu, namni carraaqqatu sadarkaa guddinaarra akka gahuu dandahuufi umrii
dargaggummaattii of jijjiiruun bu’aa akka qabu kan waliif dabarsan ta’uu kan
hubachiisuudha.

A. Bishingaa baranaa muuyraan ashiita tolee


Ka hojjate boonaa sumaa nasiiba tolee
Ka callisee taa’ee sumaa nasiiba dhabee
B. Bishingaa baranaa muuyraan ashiita tolee
Ka hojjatee boonaa sumaa nasiiba tolee
Kan callisee taa’ee sumaa nasiiba dhabee
Carraaqqata ka dhiise sumaa milkooma dhabe (2)
39

Jechuun yoo sirban, Ergaan yaada qabiyyee walaloo asii olitti dhihaatee; garaa garummaa
nama hojjatuutiifi nama hin hojjannee tokko akka hin taanee yoo ibsu, hojjatan malee
milkaa’uun akka hin danda’amne kan mirkaneessuudha.

Gabaabumatti, qabiyyeewwan fakkeenyota walaloo armaan oliitirraa wanti hubatamu,


nama ganna facaafateetu bona nyaata. Akkuma jedhamu walaloon armaan olitti dhihaate
kana keessatti, bo’oon jalqabaa wanti inni ibsu dargaggoonni hojjachuu akka qabaniifi
namni carraaqqate of jijjiiree biyyallee akka fayyadu tahuu dubartoonni sirba heelleetiin
gorsa dabarfachuu isaanii kan mullisuudha. Bo’oon lammaffaatis, garaa garummaa nama
hojjatuutiifi nama hin hojjannee callisee taa’uu milkaa’ina jiruu walqixaa akka hin
argannee kan mullisuudha. Walumaagalatti, xiyyeeffannaan ergaa qabiyyee walaloo sirba
heellee namni hojjatu bakka yaade akka gahuufi kan hojii malee harka maratee taa’u,
gadaantummaafi hiyyummaa qofarratti akka booda aanuu kan hubachiisuudha.

4.1.5. Faaruu Sirba Heellee Gootummaaf Sirbamu

Seenaa Oromoo kessatti, Oromoon dubartoota akka furmaata yookaan furtuu rakkootti
ilaala. Akka odeef-kennitoonni himanitti, “ Dubartoonni yeroo fuudhaafi heerumaa afaan,
aadaa, seenaa saba isaa, roorroo dabalatee karaan ittiin ibsachaa as gahan keessaa inni
tokko heelleedha. Oromoon galmi isaa eeysa akka tahee ibsuu bira dabree waatarri
yookaan qeerroon gahee akkam akka raawwachuu qaban akkasumas, haadholiin aangoo
haadhummaatiin deeggarsa barbaachisu gochuu akka danda’an irratti karaa sirba
heelleetiin kan yaada isaanii wal dabarfataniidha.” Jechuun yaada isaanii gumaachan.
Gama biraatiin, dubartoonni taphuma sirba heellee kana keessatti, sabni isaa ummanni
oromoo maaliin akka qabsaaweefi sirna maaliin akka bulaa turan, maddi dhufaatii argama
isaa eeysaa akka tahee, galma mariifi iddoo jila isaa akkasumas odaan maal akka tahe
hunda isaanii faaruu sirba heellee keessatti dhaloota jalaa ol dhufu kan hubachiisaniidha

A. Dirree dhawaa galmaa kootii dirree dhawaa galma kootii


Haadhaqeerroo sii dhufee ispoortii nagoosisii
Adawwii namoosisii; adawwii namoosisii
B. Dirree dhawaa galma kootii dirreen dhawaa galma kootii
Haadha qeerroo sii dhufee ispoortii nagoosisii
Adawwii namoosisii adawwii namoosisii (2)
40

Jechaa kan sirban yoo ta’u, qabiyyeen ergaa walaloo armaan olitti dhihaatee, Dirreen
Dhawaa lafa isaanii ta’uu kan mirkaneessaniifi, leenjii ispoortii qabachuun dubartiis ta’ee
qaama kamuu akka barbaachisuufi adawwii ittiin ofirraa ittisuu bira darbee moohachuuf
akka nama gargaaruu ibsa. Akkasumas waan ofiitirratti dubartoonni falmachuun qabsoo
akka ta’e faaruun walii dabarsuu isaaniiti agarsiisa.

A. Oromoo Fardaan dabaalee


Saba koo fardaan dabaalee
B. Hee heellee heellee
Goota goota caalee (2)

Jechaa kan sirban yoo ta’u, ergaan qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee kan
mirkaneessu, Oromoon aadaa kabajafardaan walsimachuu qabaachuu isaa, Oromoon
leenjii fardaa akka qabufi gootummaas qabaachuu Oromoo kan hubachiisuudha.

A. Abbaan koo Oromoo


Maal narraa gaafattaa
B. Hee heellee heellee
Goota goota caalee
A. Seenaadhaa dubbataa
Hundeensaa dhalootaa
B. Hee heellee heellee
Goota goota caalee (2)

Akkana jechaa yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaate ergaan isaa,
Oromummaan maal akka ta’eefi Oromoon eenyu akka ta’e kan ibsuufi seenaadhaanis,
gootummaanis shakkiin takkolleen akka jirree ta’uu agarsiisa.

A. Gamnaafi gootummaa
Arjoomaafi qaroomaa
B. Hee heellee heellee
Goota goota caalee
A. Galgalaafi ganamaa
Gurriisaa faarfamaa
B. Hee heellee heellee
41

Goota goota caalee (2)

Akkana jechuun kan sirban yoo ta’u, dhaamsi walaloo armaan olitti dhihaatee kunis,
Oromoon hayyuu, goota, arjaafi qarooma qabaachuu isaa qaamni kamuu kan raga bahuuf
ta’uu kan mirkaneessuudha. Akkasumas Oromoon seenaa dhooysaa hin qabnee fi seenaa
dhugaa isa boonsuu akka qabu dhaamsa dabarsa.

A. Aadaasaa dhalootaa
Burqaa sirna gadaa
B. Hee heellee heellee
Goota goota caalee
A. Akka aadaa Odaa
Duree tolaa dadaa
B. Hee heellee heellee
Goota goota caalee (2)

Akkana jechuun wal jalaa qabaa yoo sirban, dhaamsi qabiyyee walaloo armaan olitti
dhihaatee kan inni ibsu, Oromoon aadaa durirraa qabaachuu isaa, Sirna Gadaatiin bulaa
akka ture, Odaa jalattii muree akka murteeffatuufi Odaan Oromoof galma jalatti
walgahan akka ta’e sirba heelleetiin ergaa isaanii kan wal hubachiisaniidha.

A. Ulaagaa ulfinaa
Gadaa qabu dhugaa
Hee heellee heellee
B. Goota goota caalee
A. Karaan isaa urgaa
Maqoo hin qabu dabaa
B. Hee heellee heellee
Goota goota caalee (2)

Jechaa yoo sirban, qabiyyeen ergaa walaloo armaan olitti dhihaatee; Sirni Gadaa sirna
kabaja birmadummaa qabu akka ta’eefi sirna jallina tokkollee hin qabnee tahuu isaa kan
faaruun wal hubachiisaniidha.

A. Dhaqiitii baradhuu
42

Galma guddaa gadaa


B. Hee heellee heellee
Goota goota caalee (2)

Akkaataa kanaan yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaateerra ergaan
hubatamu, Namni maalummaa sirna gadaa barachuu barbaadu kamuu abbootii gadaarraa
gaaffis ta’ee barumsa gahaa akka argatu kan akeekuudha.

Dimshaashumatti, Fakkeenyota qabiyyeewwan walaloo armaan oliitti dhihaataniirraa


wanti hubatamu, sirna gadaa keessatti, dubartoonni akkuma heera siiqqeetiin mirga
isaanii kabachisiifan; qabsoo keessattis hirmaannaa gootummaa isaanii kan mullisus
lakkaawamee hin dhumu. Walaloon armaan olii kana keessattis bo’oon jalqabaa
dubartoonni haadhummaa bira darbanii qeerroo kanoomishan tahuufi sadarkaafigahee
haadholii kan ibsuudha. Bo’oon inni lammaffaas, dirreen dhawaa lafa galma isaanii
tahuufi akka jabaatanii falmatanii diina irraa eeggatan qeerroo kan yaadachiisan tahuu
agarsiisa. Bo’oon sadaffaatis, oromoon galma isaa odaa jalatti muranii akka
murteeffachaa turaniifi haatii siiqqeetis achii keessatti gahee olaanaa qabachuu isaanii
kan ibsuudha. Bo’ooleen hafanis, Ummanni oromoo Oromoo fardaan lolee injifannoo
akka galmeessaa turan akkasumas, gootummaa, hayyummaafi arjummaa qabachuu
isaanii seenaan kan dubbatu tahuu ibsa.

Dabalataanis, oromoon gadaan wal bulchaa akka tureefi sirna wal qixxummaa dhugaa
kan ta’e gadaa qabachuu isaa bira darbee akka ragaatti maalummaa isaa barachuu kan
barbaaduuf galmi isaa abbaa gadaa akka taheefi dubartoonni sirba heellee keessatti
gootummaa saba isaanii kan dhaloota dhaalchisan tahuu isaanii kan ibsuudha.
Gabaabumatti, Oromoon gootummaafi qarooma sirna diimokraasii warra dhiiraafi
dubartootaa mirga walqixa ta’een hirmaachisu tahuu, dhaamsi isaa kan mirkaneessuudha.

4.1.6. Faaruu Sirba Heellee Quurramaa/ Mufannaaf Sirbamu/

Duris tahee ammas dabree dabree, wayta fuudha baasan dubartoonni dubartoonni
yookaan hiriyyoonni intalaa aruustitti fuudhanii osoo deemsa karaarra osoo jiranuu
yooniifi itti dukkanaawe ifaan hanga dhufutti aruustittii dhaabbisaniiti ifaa fiddan malee
hin deemnu yaada jedhu karaa sirba heelleetiin gara warra dhiiraatti
dabarfatan.Sababniinis, hiriyaan isaanii tun arra waan heerumtuuf jecha, mirgi isii
43

ammumarraa akka eeggamuufi deemsa kana keessatti gufuufi rakkoon tokko malee akka
manaan gahaniif jecha. Gama biraatiin obboleeyyan wajjiin dhalatan yookaan hiriyyoota
umriin wal caalan lamaan keessaa tarra xiqqoo yookaan dhaltii/daaddaan itti aantu
keessaa yoo ta boodaa dura heerumte dhaltii duraa yookaan murni dhalootaan caalu hiree
heerumaa warra isaanrra xixiqqaa kanattii ni mufatu. Akka odeef-kennitoonni himanitti, “
Dubartoonni faaruu sirba heellee keessatti mufannaa yookaan quurrama itti dhagahamus
karaa sirba heelleetiin dabarfatu.” Jechuun dubbatu. Walumaagalatti, shamarran faaruu
sirba heelleetiin keessoo miiraa isaanii wanta itti dhagahame karaa ittiin dabarfatanii
walii isaaniitis wal jajjabeessaniidha. Haallii faaruu sirba heellee quurramaatis haala
armaan gadii kanaan dhihaatee jira.

A. Naamararee naamarare
Gurbaa naaf dhufee narra dabre hiree
Intalaa xiqqishoo naboodaatti goree
Hamartii itti kaayyate ree
B. Nuus mararee siis mararee
Obbolii teenyaree (2)

Haala kanaan yoo sirbamu, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaate ergaan isaa, hiree
yookaan carraafi fedhiin hawwiidhaa kan walhin simannee tahu kan mullisu yoo ta’u, kan
komatamuu qabu obboleettii yookaan obboleeyyummaa osoo hin taane carraa yookaan
hiree akka ta’e kan sirbaan waliif dabarsan ta’uu kan agarsiisuudha.

Dimshaashumatti, fakkeenyi qabiyyee walaloo olitti dhihaatanirraa wanti hubatamu,


guyyaa tokko abbaatu of dubbata; guyyaa tokko siitu of dubbata. Kana jechuunis, akka
walaloo olitti dhiyaate, keessatti heelleen kun kan ibsu, dhimma komii shamarran miira
isaanitti dhagahame karaa sirba heelleetiin ibsachuu isaaniiti agarsiisa. Innis, kan irratti
xeyyeeffatu hireen ayyaana yookaan nasiiba tahuu, kan ofiin hin tolfanneefi harka rabbi
jiraachuu isii waliif dhaamuu isaaniifi tan heerumtees obboleettii isaanii akka taatee wal
beeysisaa wal jajjabeeysuu isaanii kan mullisuudha.

4.1.7. Faaruu Sirba Heellee Eenyummaaf Sirbamu

Oromoon aadaa isa boonsu qaba.Aadaa isaa kanas karaalee adda addaatiin kunuunfachaa
as gahe. Karaalee kanneen keessaa sirbi heellee isa tokko akka tahe beekkemaadha.
44

Akkaatuma kanaan dubartoonni yeroo fuudhaafi heerumaa sagalee afaaniitiin dibbee


dhawatanii aadaa uffataa, aadaa meeshaa, aadaa dhugaatii, akkataa rifeensa filachuufi
dhawachuu, faaya miidhaginaa, haala qabeenya isaa, foolii muka urgaawuu, gosa irraa
dhalateefi lammii balloo qabaachuu bira darbee; ummanni oromoo ummata dhugatti
amanu tahuu isaa walhubachiisanii alagaanis akka hubatu karaa sirba heelleetiin kan
eenyummaa ibsataniidha. Walumaagalatti, dubartoonni harargee kan dirree dhawaa
faaruu sirba heelleetiin maalummaa saba isaanii kan ittiin dabarfachaa as gahaniidha.
Faaruun sirba heellee kun akka armaan gadii kanaan walaloon isaa kan dhiyaateedha.

A. Nuti aadaa qabnaa aadaa babbaareedduu


Aadaan Aayyoo Aabboo maammuudiifi marxoo
B. Shani qoph shani qoph (2)

Jechaa yoo sirban, ergaan qabiyyeen walaloo kanaa, Aadaan boonsituu eenyummaa akka
ta’eefi aadaan kun kan haadhaa abbaarraa dhaalamaa dhufe yoo ta’u, aadichis
maammudiin uffata dubartii ta’uufi marxoon uffata aadaa kan warra dhiiraa akka ta’e
ibsa. Toorri walaloo sararri dhumaatis aadichi gareen taphatamuu kan agarsiisuudha.

A.Mataa luuccaa qabdaa maa filachuu diddaa


Lammii balloo qabdaa maadhaadachuu dhabdaa
B. Shanii qoph shani qoph
A. Itittuu Buchumaa maa raafattee maa dhuuynee
Keenya Afran qalloo gaafattee maa dhuufnee
B. Shani qoph shani qoph
A. Saakayyoo Masjiidaa tamiin muree dhiisaa
Hundinuu foon kiyyaa kamiin faarsee dhiisaa
B. Shani qoph shani qoph (2)

Jechaa wal jalaa qabaa yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaates dhaamsi
isaa, sararrii jalqabaa rifeensa mataa filachuun aadaa akka miidhagsu yoo akeeku, toorri
walaloo sararri afraffaafi shanaffaa gaarommina hawaasa afran qalloofi hala jireenya kan
ibsuudha. Sararri maayyiitis, firas ta’ee aaliifi ollaan hundi qixxetti ilaamuu akka qabu
dhaamsa kan wal hubachiisan tahuu kan itti agarsiisaniidha.
45

A. Hadasoon mayree yoo haammata feetee


Saakayyoo muurii yoo suuqqata feetee
B. Oromoo calla yoo daawwata feetee
A. Lammii balloo yoo yaammata feetee
Aalii balloo yoo faarfata feetee
B. Oromoo callaa yoo daawwata feetee (2)

Jechaa yoo sirban, ergaan qabiyyee walaloo armaan olitti dhiyaatee, Oromoon ummata
nagayaa akka ta’eefi hawaasa ballina qabu kan faaruun malee ta’uu isaafi kan
waammatan dhufee nama boonsuufi eenyummaa Oromoo faaruu sirbaatiin kan wal
beeysisaniidha.

Walumaagalatti, fakkeenyota walaloo armaan oliirraa dhaamsi hubatamu, akkuma


jalqabarratti ibsamuuf yalameetti, sirbi heellee marsaa gamtaatiin kan gaggeeffamuudha.
Marsaan kunis shanii qaphii jedhama. Walaloon olitti dhiyaates bo’oon tokkoffaa kan
ibsu, gosa uffata aadaa kan hawaasni fayyadamu kam kam akka tahee mullisa. Bo’oon
lammaffaatis, ummata ballina qabu tahuufi jaalala namaaf bakka keennu tahuu agarsiisa.
Bo’oon inni sadaffaan gosti hawaasa naannoo kana jiraatanii Afran qalloo tahuu isaaniifi
naannoo aanan jiraatu tahuu kan ibsuudha. Dabalataanis, oromoon ummata ballaa faaruun
male tahuu kan agarsiisuudha. Walumaagalatti, gabaabumatti, walichi olitti dhiyaate
bo’ooleen isaa: eenyummaafi aadaa hawaasichaa akkasumas gosa ummata naannoo kana
jiranii ibsuu bira darbee wantoota haala naannoo sanaatti argaman mara ergaan isaa kan
calaqqisiisuudha.

4.1.8. Faaruu Sirba Heellee Heera Bulmaata Oromoo

Ummanni Oromoo sirna gadaatiin bulaa wal bulchaa akka ture, addunyaan ragaa kan
bahuufiidha. Akkasumas, gadaan amata saddeet saddeetiin aangoo yookaan baallii waliif
dabarsuun isaa raga lammaffaati. Waltajjii caayaa mariitiifi seera tumuuf odaafi
dhaddacha jalatti wal gahanii heera bulmaataisaanii galma jalatti malaa murtii
murteeffataniidha. Akka odeef-kennitoonni himanitti, “Dubartoonni sirba heellee
fayyadamuun seenaa abbootiin isaanii walirraa dhaalaa wal dhaalchisaa as gahan kana
yeroo fuudhaafi heerumaa wal yaadachiisaa, walis barsiisaa dhaloota xixiqqaa kan
dhaalchisaa jiraniidha. Dabalataanis, dubartoonni sirbuma heellee kana keessatti,
46

diimokraasiin yookaan birmadummaan maal akka taate karaa ittiin ibsachaa jiraniidha.
Oromoon hortee akkam akka ta’eefi eeysarraa akka maddees heellumaan walis
hubachiisaa ambas,kan hubachiisaniidha.” Jechuun kan ibsaniidha. Walumaagalatti,
hireen Oromoon ittiin wal bulchaa turan, duris baranee ta’uu isaa bira dabree mukaafi
citaafuu akka heerri tumamee jiru, dubartoonni afoola sirba heellee kanaan kan wal
dhaalchisaa as gahan tahuu agarsiisa. Qindoominni walaloo sirba heellee kanaatis kunooti

A. Hiree ammayyaa yaa hiree ammayyaa


Hireen teenyagaa yaa hiree ammagaa
B. Hiree ammayyaa yaa hiree ammayyaa
A. Hireen ammayyaa hireen teenyagaa
Seera heera Xabboo yaa hiree ammagaa
B. Hiree ammayyaa yaa hiree ammayyaa
A. Seera sirna Gadaa yaa hiree ammagaa
Oromoo Xabboo Daadhii hireen teenyagaa
B. Hiree ammayyaa yaa hiree ammayyaa
A. Sirna diimokraasiiti hireen teenyagaa
Kan ittiin buluu turan yaa hiree teenyagaa
B. Hiree ammayyaa yaa hiree ammayyaa (2)

Akkana jechaa yoo sirban, Ergaan qabiyyee walaloo armaan olitti dhihaate kan inni ibsu,
Oromoon heera bulmaataaf tolu qabaachuu isaa, heerri kunis Oromotichi abbaa isaa
Xabboorraa dhaaluun walitti dabarsaa dhufuu isaanii kan mirkaneessaniifi Oromoon
seera fooyyaa’aa dhugaadhaa qabaachuu isaa sirbaan kan walbeeysisan ta’uu ibsa.

A. Heeraa seera tumuu turan yaa hiree teenyagaa


Madda walaabuutti yaa hiree teenyagaa
B. Hiree ammayyaa yaa hiree ammayyaa
A. Ta namaa sa’aa hin miine yaa hiree teenyagaa
Hireen teenyaagaa hireen ammagaa
B. Hireen ammayyaa yaa hiree ammayyaa (2)
47

Haala kanaan yoo sirban, Ergaan walaloo armaan olitti dhihaatee, Madda walabuutti
Oromoon akka seera tumate, seerri kunis akka naamaafi sa’aa hanga citaa gahutti
tumame akka ta’e kan faaruu heelleetiin wal hubachiisan tahuu ibsa..

Gabaabumatti, fakkeenyota walaloo armaan oliitirraa wanti hubatamu, mataa jirutti


imaamaa maran; seenaatu of dubbata malee sheenaan of hin dubbattu dhugaarraa waan
argamteef. Walaloon armaan olitti dhiyaate kunis, jalqabarraa hanga dhumaatti kan inni
ibsaa jiru, oromoon sirna maaliin bulaa akka turefi sirni isaanii baranee tahuu isaa, sirni
kunis heraafi seera oromoo xabboo tahuu, akkasumas oromaa kan xabboo dadhii horteen
isaa akka taheefi sirna gadaatiin buluu isaanii kan mullisuudha. Dabalataanis, madda
walaabuurraa kan burqan tahuu isaaniifi achitti sirna diimokraasii yookaan birmadummaa
kan tuman tahuu isaanii kan ibsuudha. Kanamalees seerri kun namaafi sa’aarraa kaasee
hanga mukaafi citaaf tahuutti kan mirkaneessu tahuu isaa dubartoonni karaa sirba
heelleetiin kan dhaamsa walbarsiisantahuu kan sirritti ifa godhuudha.Gabaabumatti,
heerri oromoon ittiin bullaa ture sirna walqixxummaafi waggaa murtaa’een baallii waliif
dabarsaa akka turan dubartoonni karaa sirba heelleetiin akka wal hubachiisaa alagaallee
kan hubachiisaniidha.

4.1.9. Faaruu Sirba Heellee Dhaammannaa Intala Heerumtuuf Sirbamu

Harki tartiiba wal dhiqa akkuma jedhamu; shamarran wayta birraas ta’ee yeroo fuudhaafi
heerumaa wal gahanii wal faarsaa gammadaa kan taphataniidha.Faaruu sirba heellee kana
keessatti, shamarran hiriyaa intalaa haala jiruu amma keessa jiraniifi jireenya bultiidhaa
walbira qabanii kan waliif ibsaa taphataniidha. Akka odeef-kennitoonni himanitti, “ Intala
qaalimamtee, tan heerumaaf deemtuufi warrii hiree isaanii eeggatu martinuu maalummaa
mana haadha isaaniitiifi mana haadha ambaa kan isaan bira deemanii akkataa jiru
fuulduraa maal akka ta’e kan wal hubachiisaniidha.” Jechuun dubbatu. Akkasumas, sirba
heellee kana keessatti dhaamsa hiriyyummaa kan hiriyaan kafana yookaan hiriyaan
daawwiti jedhamu waan bakka bu’uufi gorsa adda addaa akka sheenaan isaanitti hin
hafne, dhaammanna hiriyyummaa kan waliif dabarsaniidha. Gabaa bumatti, shamarran
hiriyyoonni yeroo umrii dargaggummaa isaanii sirba heelleetiin gaariifi hamtuu
mudannoo bultii gara fuulduraa duursanii akka hubataniif kan itti wal beeysisaniidha.
walaloonfaaruu sirba heellee kunis akka armaan gadii kanatti dhihaatee jira.
48

A. Qallooyyee qallooyyee jiinii qallaan bahee


Qallooyyee intalaa warri baasuu gahee
B. Qallooyyee intalaa warrii baasuu gahee
A. Gammadaa taphadhaa arra guyyaan gahee
Faarsinee galchinaa garaan keenya nahee
B. Qallooyyee intalaa warrii baasuu gahee (2)

Akkana jechaa yoo sirban, Ergaan walaloo armaan olitti dhihaatee, hiriyaan isaanii
heerumaaf isaan irraa akka adda bahuu deemtu, gammachuu gaggeessaa cidha isiitiif
faarsanii sirbuu isaanii kan agarsiisuudha. Dabalataanis, hiriyaa jaalataniin adda bahuu
isaaniitti gadda qaban karaa sirba heelleetiin kan itti dhaammatanii gaggeessan tahuudha
hubachiisa.

A. Moosina naannoo
Naannoo dubrummaa
Martuu fash godhaa
Saksakaa deemaa
B. Koottaa dubroolee
Dubroo hiriyyoolee (2)

Haala kanaan yoo sirban, ergaan walaloo armaan olitti dhihaatee, umriin dargaggummaa
kan dubri itti gammaduufi hiriyoota isaanii waliin itti sirban tahuu kan waliif dhaaman
akka ta’e kan mirkaneessuudha.

A. Dhiitaa heellotaa
Moosina naannoo
Yeroo dubrummaa
Taphadhaa ayaan
Takka heellumaa
B. Koottaa dubroolee
Dubroo hiriyyoolee (2)

Jechaa kan sirbaniidha. Ergaan walaloo armaan olitti dhihaatee, Sirbi heellee kan dubri
umrii dargaggummaa isaanii keessatti taphatan tahuufi yeroo dolloomaniif yaadannoo
akka isaaniif tahu kan itti walhubachiisan kan ibsuudha.
49

A. Ni deemna nii deemna


Miila karaa keenyaa
Hin deemnu deebinee
Yaada karaa keenyaa
B. Aaddee boontuu intalaa
Beengaali miicayyoo (2)

Jechaa yoo sirban, ergaan walaloo armaan olitti dhihaatee kan ibsu, jalaalti hiriyyummaa
hangam jabduu akka taateefi hiriyaadhaan adda bahuun akka ulfaataa ta’e yeroo taphatan
kan walhubachiisan tahuu ifa kan taasisuudha.

A. Jiruu qananii Mana Haateti


Mana Abbeetii
B. Mana Abbeetii
A. Naaf biti Abbaa biiti bitattee
Jechuun ni haaftii
Intala abaluu jechuu mana lakkifteeti
Niitii abaluutiin moggaafamtaa
A. Niitii abaluutiin moggaafamtaa (2)

Akkana jechaa yoo sirban, ergaan qabiyyee walaloo armaan olitti dhiyaatee, jiruun mana
abbaafi haadhaa gaarii akka taheefi haadhaa abbaan waan barbaadamu mara kan namaa
guutan akka ta’e ibsa. Dabalataanis, kana booda itti gaafatamni jaarsa isiitiin akka
hogganamtuufi jaartii namaa tahuuf akka teessu kan faaruudhaan waliif dhaaman tahuu
agarsiisa.

A. Aayyiiyyoon tantee
Addaattee jettee
Raaftee siif dibdii
B. Raaftee siif dibdii
A. Aayyiiyyoon ambaa
Addaattee jettee
Sitti kofalti
50

B. Sitti kofalti
A. Been sitti haatolchuu
Nagayatti siin jennaa
B. Nagayatti siin jennaa (2)

Jechaa yoo sirban, qabiyyeen walaloo yaada walaloo armaan olitti dhihaate ergaan isaa,
garaa garummaa haadha ofiitiifi haadhaa ormaa jidduu jiru kan ibsu yoota’u, dabalataanis
haadha gurbaa isii fuudhuu san ta isiif toltu akka taatuuf rabbi kan waliif kadhatan tuhuu
kan waliif dhaaman tahuu ibsa.

Walumaagalatti, ergaan fakkeenyota walaloo armaan oliitirraa wanti hubatamu guyyaa


jalabultii gaggeeysaa heeruma intalaatii fi yeroo biroo shamarran tapha sirba heellee gara
garaatti dhimma bahu. Walaloon olitti dhihaates, bo’oon jalqabaa kan inni ibsu,
maalummaafi miidhagina intalaa isaan biraa heerumuu deemtuu; jaalala hiriyyummaafi
gadda adda bahinsaa kan ibsuudha. Bo’oon sadaffaa; moosina umrii dargaggummaa
isaanii kana gaafa dulloomaniif akka yaadannootti ittin booharanii seenaa kan godhatan
tahuu kan addeessuudha. Bo’oon afraffaa; kan inni akeeku osuma deemsarra jiranuu
hubannoofi gorsa hiriyyummaa intalaaf kennuu isaaniiti agarsiisa. Bo’oon shanaffaa;
sadoon gaariin mana haadhaafi abbaa tahuufi kana booda intala abaluu jechuun hafee
niitii namaa tan seerri daangeysu tahuu isiiti ibsa. Bo’oon jahaffaa garaagarummaafi
maalummaa haadha ofiitiifi haadha ambaa gidduu jiru kan ibsan tahuu agarsiisa.
Gabaabumatti, bu’aa bahii umrii ijoollummaan hangafee hanga gulantaa bultii isaaniitti
sirba heellee fayyadamuun; walfaarsaa taphachuufi gaafa dulloomaan akka faayaatti
yaadatanii kan ittiiin booharan tahuu kan hubachiisuudha.

4.2.Qabiyyeewwan Faaruu Sirba Heellee Kan Dhimma Irratti


Hundaahuun Qoqqoodamanii Ergaa Dabarsan

4.2.1. Faaruu Sirba Heellee Intala Heerumtuuf Sirbamu

Moosina itti waaran malee waliin hin waaran akkuma jedhamu shamarran bultiidhaaf itti
gaafatamummaa jireenyaa qooddachuun kan hafiinsa hin qabneedha. Haa tahuu malee
yeroo kanatti faaruun dubartootaa ollaa fi ganda warra fuudhaa buhaarsuu fi
hamilchiisuuf faarsanii guyyaa hiree isii kana kan miidheeysaniidha. Akka odeef-
51

kennitoonni himanitti, “ Faaruleen intala heerumtuuf sirbamu kan gorsaa fi dhaamsaa


akkasumaas haala bultii mana isii keessatti isii mudatu tahuu danda’a.. Dabalataaaniis
firaa fi hiriyyoonni intalaa yeroo gaggeessan faaruuuwwan adda addaatiin kan isii
dabalaniidha. Akkasumaas wanta isii fayyaduufi hin fayyanne gorsaa fi hawwii isiin
maluun gammachiisaa dabaalaa kan gaggeessaniidha.” Jechuun dubbatan. Faaruun kuniis
intala gammachiisuu qofa osoo hin taane bu’aa ba’ii jireenyaa bultiidhaatiis kan
hubachiisaniidha.dhumarrattiis akka taligaa mana haadhaa fi abbaa osoo hin taane akka
taligaa bultii abbaa mana isiitiin akka jiraattu xurree itti mul’isaa kunuunsaa kan mana
isiitiin gahaniidha. Faaruun heellee kunis haala armaan gadii kanaan dhiyaatee jira.

A.Maashoo malee hin yaanugaa


Maashoo dhabnus ifaa malee
Nuti galuu hin taanugaa
Yaa hiriyoo mee akka
Nagayaan gaallugaa
B. Maashoo malee hin yaanugaa
Maashoo dhabnus ifaa malee
Nuti galuu hin taanugaa
Yaa hiriyoo mee akka
Nagayaan gaallugaa (2).

Jechaa kan sirban yoo ta’u, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaate irraa ergaan
hubatamu, toora walaloo gara jalqabaa yoo fudhanne, intala heerumtuuf eeggumsi
daandii isiin irra deemtu irratti rakkoon akka mine kunuunsuu kan agarsiisusha.
Akkasumas, nagayaa kamiifuu dukkanarra ifni murteessaa ta’uu fi nageenyni gaarii akka
ta’e kan hubachiisuudha.

A. Kophee kaayyu kophee tiyyagaa


Kophaan galle aaddeen tiyyagaa
Kumaan dhufne geelee teenyagaa
B. Kophee kaayyu kophee tiyyagaa
Kophaagalle aaddeen tiyyaagaa
Kumaan dhufne geelee teenyagaa(2)
52

Akkana jechaa kan sirbaniidha. Ergaan qabiyyee walaloo tanaa, intala heerumtu ati
kophaa hin galle aruuzticha wajjiin jirta, dabalataaniis nutis gammachuu cidha keetii
dhufne kumaatamaan sii waliin jirra jedhanii intala heerumtu ittiin faarsuuf itti
fayyadamu isaaniiti ibsa.

A. Adaree jala kuula marraa


Halkan dheeratus suuta gallaa
B. Adaree jala kuula marraa
Halkan dheeratus suuta gallaa (2)

Jechaa kan sirbaniidha. Qabiyyeen yaada walaloo armaan olii keessatti ergaan sararri
lammaffaa ibsu, dheerinni halkanii gammachuu teetirra of duuba nu hin deebisu,
akkasumas, manni kee hammamillee fagaatu si booharsuuf qoophii ta’uu isaanii intala
heerumtu onnachiisanii faarsuuf itti fayyadamuu isaaniiti agarsiisa.

Dimshaashumatti, fakkeenyoota qabiyyeewwan walaloon armaan olitti dhihaatan


meeshaalee funaansa ragaaleetiin funaanaman kanarraa hubachuun kan danda’amu
fuudhaafi duuti tokko akkuma jedhamu, duutis gaggeeysaan isaa boo’icha gaddaa yoo
ta’u, gaggeeysaan fuudhaafi heerumaatis faaruu boo’icha gammachuuti jechuun
nidanda’ama. Akkuma walaloo kana gara jalqabaa keessatti ibsame guyyaan cidhaa intala
heerumtuuf addatti isiifi warra isii gaggeeysu biratti akka gatii maallaqaatti kan ibsamu
ta’uu ibsa. Kanumaan wal qabatee, bo’oon lammaffaas wayta aruustittii fuudhanii
deemsa karaarra jiran yoo tarii itti dukkanaawe nagaya aruustittii eeguuf jecha ifa wayii
akka isaan feesisu ibsa. Bo’oon walaloo inni sadaffaa warri intala gaggeeysu hireen isii
kan dhumaa ta’u beeytee bultii akka jabeeyfatu itti himuu kan mullisuudha, Bo’oon
walaloo, afraffaan intalti heerumtu akka hin rifanneefi yaaddoon jireenya bultii haarayaa
akka itti hin dhagahamne jajjabeeysuu agarsiisa.

4.2.2. Faaruu Heellee Gurbaa Fuudhuuf Sirbamu

Faaruun sirba heellee akkaatuma falaka simannaa haalicha yeroo waliin kan wal
qabatuudha. Kana jechuunis, qabiyyeen heelles yeroo raawwatu waan haarawa biyyattii
mudate seenessaa akkaataafi haala itti dhufaniifi maaliif akka dhufan gadifageenyaan
ibsuu baatanis mata mataa qofa tuquun gara dhimma faaruutti kan galaniidha. Akka
odeef-kennitoonni himanitti, “ Gurbaan fuudhu guyyaa fuudhaa isaa addatti boonsanii
53

faaruulee gara garaatiin ganama wayta qarannii bahee gara warra intalaa guduunfaafi
jimaa fudhanii deemaniifi waytafuuni bahe hanga mana isaatti intala galfatuu shamarran
faruu adda addaatiin dabaalaa kan gaggeeysaniidha. Faaruuleen faarfamaniis, kabaja
isaarraa kaasee hanga intala inni fuudhe maal akka isiin taatee hanga ibsuutti faarsaa kan
galchaniidha.” Jechuun ibsu. Gabaabumatti, faaruun sirba heellee kuniis akkaataa armaan
gadii kanaan dhihaatee jira.

A. Ingiliziitu dhufee duulatti duulaan mullate heellee


Gurbaa arra fuudheetu kaabbaa hariiraa uffate heellee
B. Kaabbaa hariiraa uffate heellee
A. Ka miliseen isaa kaabbaa hariiraa uffate heellee
B. Kaabbaa hariiraa uffate heellee (2)

Akkana jechuun yoo sirban, qabiyyeen fakkeenya walaloo jalqabaa sararri tokkoffaan
dhaamsi isaa, dhufaatii bara xaaliyaaniifi duula ingiliziin itti duule yoo agarsiisu, toorri
walaloo sarara lammaffaarraa eegalee hanga maayyiitti uffata hariiraatiin kan boone
aruuztichaafi biliseen isaa kan babbareedan miidhagan ta’uu isaanii bifa faaruutiin
dhaamsa dabarfatuu agarsiisa.

A. Hamartii quba cammee


Hamartii quba cammee
Boonaa alaa nigallaa
Kartii tammee
Ni seennaa karti tammee
B. Hamartii quba cummee
Hamartii qubaa cammee
Boonaa aruus nigallaa
Karti tammee
Ni seennaa karti tammee (2)

Jechaa kan sirbaniidha. Qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaate ergaan isaa, gulantaa
aruustichaatiif kabajaafi ulfina qaban agarsiisuuf kan itti gargaaramaniidha. Akkasumas
toorri walaloo sarara jalqabaa hamartii quba cammee kan jedhu gurbaan bultii ijaaruu
isaatiifi intala fuudhuu isaa kan dhaamsa dabarsuudha.
54

A. Baalaani deemaa baalaani deemaa


Baalagee dhiisee faayaaani deemaa
B. Baalani deemaa baalani deemaa
Baalagee dhiisee Faayaanii deemaa (2)

Jechaa yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaate ergaan, aruuztichi intala
warra kabajaa yookaan naamusa qabuu fuudhuu isaa kan agarsiisuufi intaltii duraan
fuudhuuf ka,e intala warri isiitiifi isiinis ulfinaafi kabaja namaaf hin qabne dhiisuu isaa
kan ittiin mirkaneessan ta’uu isaati ergaa dabarsa.

A. Qara’ee sammuu qabaa


Baratee mataa qabaa
Hoorii feetus dalagee
Kiishaa qabaa
B. Dalagee kiishaa qabaa
A. Aruus boonaa
Mirgisaa eeggamu qabaa
B. Mirgisaa eeggamu qabaa

Jechaa kan sirban yoo ta’u, dhaamsa walaloo armaan olii kanarraa wanti hubatamu sarara
jalqabaarraa hanga maayyiitti kan agarsiisu aruustichi nama beekumsaafi diinagdee qabu
ta’uu isaa, akkasumas, barnoonni kabaja nama godhuu isaafi namni baratee mirga akka
qabu agarsiisuuf bifa faaruutiin dhaamsa dabarfatu.

A. Karaa sanii Karaa amma baasanii


Karaa amma baasanii
B. Karaa sanii Karaa amma baasanii
Karaa amma baasanii
A. Gurbaan fuudhaa deemuu
Qallaa alangaa sanii
Qallaa alangaa sanii

B. Gurbaan fuudhaa deemuu


Qallaa alangaa sanii
55

Qallaa alangaa sanii


A. Kan miliseen isaa
Qarshii amma baasanii
Qarshii amma baasanii
B. Kan miliseen isaa
Qarshii amma baasanii
Qarshii amma baasanii (2)

Haala kanaan akkana jechaa yoo sirban, Ergaan qabiyyee walaloo armaan olitti
dhahaatanii jalqabaa hanga dhumaatti, haalaafi amala gurbaafuudhuufi milisee isaa,
akkasumas dhaabaafi dhaabbata isaanii miidhanii issaan qaban faarsuuf kan itti
fayyadamaniidha.

Walumaagalatti, Fakkeenyoota walaloo armaan olitti dhihaatanii dhaamsi isaa sirbi


heellee akkuma ammaan dura ibsameetti, haala yeroo irratti hundaahuun sirbama.
Haaluma kanaan, bo’oon walaloo jalqabaa akka mullisutti, Ingiliziin weeraraaf
Itoophiyaa yeroo dhufu; jaakkita yookaan kaabbaa hariira irraa ta’e uffatanii dhufuu
isaanii dhaamsa dabarsaa, gurbaan arra fuudhuus uffata kaabbaa bareedaa akkasii
uffachuu isaa ibsu. Bo’oon lammaffaas, ta’ee sadaffaan haadha mana keetii sii finnee
dhufnee manni kee kamiifi gurbaan intala manatti galfachuu isaa kan agarsiisuudha.
Bo’oon afraffaan, gurbaan intala fuudhuuf cabsaa seenee yoo warri intalaa yoo dhoorkate
tan biraa kan fuudhu ta’e shamarran faaruu heelleetiin warri intala dhoorkate sun kabaja
dhabuu isaanii kan itti beeysisaniidha. Warra intala kanneef immoo guddisanii faarsuun
maalummaa gurbaafi intalaa akkasumas, warra isii kan ibsuudha. Gama birootiin bo’oon
shanaffaa namni barateefi wallaalaan tokko akka hin taane akkasumas, namni barate
mirgi isaa akka eegsifamuu danda’u ragaa kan bahuudha.

4.2.3. Faaruu Sirba Heellee Haadha Intalaa jajjabeessuuf Sirbamu

Harreen ba’aa ilmotti buufatti yookaan dabarfatti akkuma jedhamu, haati intala yookaan
ilmoo ishee erga dhaltee guddifattee booda intala isiitti boqonnaa yookaan hafuura
baafatti. Dubartiin gaafa dhalatte heerumte akkuma jedhamu, hireen heeruma isii
geenyaan hafinsii hin jiru. Osuma haadhaa abbaan ija keessa eeganii jala rarra’anii
guyyaan isii gahee gafa intala manaa gadi baasan dubartoonni ollaa isii kan isii
56

gaggeeysan faaruu obsaatiifi jajjabinaa haadhaafi abbaaf gumaachan. Faaruun kunis


bucbuccee tan nama keessa kaaftu waan taateef haadhaafi abbaa intalaa bira dabree
haawwan ollaatuu tan boochiftuudha. Haaluma kanaan wal harkaa fudhanii intala
boochus hiriyyoonni isii jajjabeessaa kan gaggeessaniidha. Haalli faaruu sirba heellees
akka armaan gadii kana fakkaata.

A. Quncee quncaafadhugaa
Manaan dagaalfadhugaa
Dagaleen tee heerumtegaa
Mudhii jabeeyfadhugaa
B. Quncee quncaafadhugaa
Manaan dagaalfadhugaa
Dagaleen tee heerumtegaa
Mudhii jabeeyfadhugaa (2)

Haala kanaan waljalaa qabaa kan sirbaniidha. Qabiyyeen walaloo asii olitti dhihaatee
ergaan isaa kan inni mullisu, jajjabinaafi abdii itti horuu haadha intalaa yoo ta’uufi
gargaartuu dhabuu isiitiif akka mudhii hidhattee of jajjabeessitu godhuu isaanii faaruu
tanaan hubachiisuu kan agarsiisuudha.

A. Jooylee re’een lakkuu dhalte


Lachuu guddifattee
Handaara haati ilmoo dhalte
Dhugaan guddifattee
B. Jooylee re’een lakkuu dhalte
Lachuu guddifattee
Handaara haatii ilmoo dhalte
Dhugaan guddifattee (2)

Kunis akkana jechaa yoo sirbami, qabiyyeen ergaa walaloo armaan olitti dhihaatee kan
mirkaneessu, sadarkaa ilmoon haadha biratti qabdu ibsa. Akkasumas jaalala haadhaafi
ilmoo jidduu jiru dabalatee bu’aa ba’ii haatii ilmoo itti guddiftu maalummaa
haadhummaa kan itti walhubachiisan ta’uu mullisa.
57

Walumaagalatti, fakkeenyoota qabiyyeewwan walaloo sirba heellee armaan oliirraa


dhaamsi hubatamu, ilmoon midhaan qalbiiti; faaya ijaatis, haatii ilmoo deeysee guddisaa
isiitiif bu’aa bahii hangana hin jedhamne keessa dabarfattee guddisuun isii
beekkamaadha. Kanaafuu, walaloon bo’oon jalqabaa kan ibsu maalummaafi gatii
haadhaafi ilmoo jidduu jiru kan ibsuudha. Akkasumas, haadhaafi ilmoo jidduu hariiroo
cimtuun akka jirtu ta’uu mullisa. Bo’oon walaloo inni lammaffaas kan ibsu, wayta intalti
heerumaaf mana haadhaatii baatu dubartoonni sirba heelleetiin haadha intalaatiin
gargaartuun tee tan itti hafuura baafattuufi hojii manaa sirraa hojjattu arra sirraa adda
baatee of jajjabeessi jechuun akka haatii intalaa abdii ofitti horattu godhuun haadha
intalaa akka of jajjabeessuu qabdu kan agarsiisuudha. Walumaagalatti, hariiroon
haadhaafi intala isii amma booda akka duritti itti fufuu akka hin dandeenyeefi haadhaafi
intalti isii heerri bultii addaan kan isaan daangeeysu dubartoonni karaa sirba heelleetiin
haadhaaf kan dabarsan tahuu kan mullisuudha.

4.2.4. Faaruu Sirba Heellee Gurbaafi Intalaan Faarsan

Oromoon hooda qaba.Wayta gurbaa fuusisuufi intala isaa kennus haala qilleensaan
yookaan ganni amataa toluufi toluu dhaba roobaan tafaa’ula wal qabsiiseeti amata
madaala. Madaalliin haala yeroo kun mu’oo yoo ta’e, fuudhaafi heerumni nihafe. Yoo
niifi ammo ganni amataa damboobaa ta’e gurbaa fuudhuu bira dabree waan biraatuu
afataa uffatatti waan barbaade mara kan argatuudha. Intaltinis gabbaraafi gabbaartiin
warra isii bira dabree faaya adda addaa mataarraa hanga miilaatti uwwifamtee faayamti.
Wantoota olitti tuqaman kanneen dubartoonni duursanii faaruu sirba heelleetiin haala
yeroo kan raaganiidha. Walaloon faaruu sirba heellee kunis akka armaan gadii kanaan
ibsamee jira.

A. Bishingaa baranaa muuyraan ashiita tolee


Aruusticha boonaa sumaa nasiiba tolee
B. Bishingaa baranaa muuyraan ashiita tolee
Aruustittii boontuu sumaa nasiiba tolee (2)

Akkana jechaa yoo sirban, qabiyyeen ergaa walaloo armaan olitti dhihaatee, gadaan jara
lameen arra walfuudhee kan milkii, kan quufaafi gabbinaa kan mullisu yoo ta’u,
58

aruustichaafi aruustittiin guyyaan walfuudhan yeroo gaarii midhaan yookaan bishingaan


toleen walsimuu agarsiisa.

A. Aruus keenya boonaa baga gammaddee


Aruustittii boontuu baga gammaddee
Weeyduufi ililbeen isin gaggeeysinaa
B. Aruus keenya boonaa baga gammaddee
Aruustittii boontuu baga gammaddee
Weeyduufi ililbeen isin gaggeeysinaa (2)

Jechaa yoo sirban, qabiyyeen ergaa walaloo armaan olitti dhihaatee, dabaalaafi
gammachuu warra walfuudhe lamaaniif taasifamuufi faaruu yookaan weedduu sirbaa
gara garaatiin simachaa gaggeeysuu aruustota lamaanii kan agarsiisuudha.

A. Aruusa kophee meetaa


Fardaan sidabaalinnaa
B. Aruusa kophee meetaa
Fardaan sidabaalinnaa(2)

Jechaa yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaate dhaamsi isaa, miidhaginaafi
uffannaa aruustichaa akkasumas taajjabbiin guddaan godhamuuf akka qabu, miilaan lafa
deemuu akka hin qaneefi fardaan dabaalamuu akka qabu kan hubachiisuu ta’uu agarsiisa.

Walumaagalatti, ergaaleen qabiyyeewwan fakkeenyota walaloo armaan oliitirraa wanti


hubatamu, akkuma beekkamu fuudhaafi heerumni wayta birraa yookaan yeroo oomishni
miidhaanii akkasumas yeroo boqonnaa kan raawatamuudha. Dabrees magaalattis
haaluma kana hordofuun wayta haalli miijjaawe kan gaggeeffamuudha. Kanumarraa
ka’uun walaloon armaan olitti dhiyaate bo’oon jalqabaa kan akeeku intalaafi gurbaan
wayta wal fuudhan yeroon isaa gaafa quufaafi milkiin tole tahuu agarsiisa. Bo’oon
lammaffaatis kan inni agarsiisu guyyaan arraa kun kan aruustota lamaanii tahuu akka
isaan gammadan itti himaa; gammachuu isaanii kana ammo hiriyyoonni isaafi isii karaa
faaruu adda addaatiin dabalaa jirachuu kan ibsaniif tahuu kan ibsuudha. Bo’oon walaloo
inni dhumaa, uffataafi yaabbii aruustotaa dabalatee taajjabbiifi kunuunsi addaa godhamuu
kan agarsiisuudha. Gabaabumatti, hireen warra wal fuudhanii lamaan carraa milkii, alaafi
59

manni, afataafi uffanni, deemsii isaanii waan yaabbatan akka hin dhabne karaa sirba
heelleetiin kan gammachiisan tahuu mirkaneessuudha.

4.2.5. Faaruu Sirba Heellee Dhaamsa Gaggeeysaa Intalaaf Sirbamu

Akka aadaa Oromootti, wal kabajanii wal gaggeeysuufi taa’umsarraa waliif ol ka’uun,
xiqqaan guddaa kabajuuniifi akka umriin wal caalaniin dubbachuun wanuma jiru. Nama
mana keetitti si dhufees yeroo gala deemu keeysummaa kee waan taheef, karra baaftee
hanga tokko gaggeeysitee jalaa deebi’uun hooda Oromooti. Akka odeef-kennittoonni
himamanitti, “ Adeemsa fuudhaafi heerumaa keessattis, dubartoonni intala heerumtu
mana haadhaa abbaa isiitii fuudhanii hanga mana gurbaa isii fuudhuutti, faaruu sirba
heelleetiin dabaalaa gaggeeysuun waanuma baratameedha. Faaruu sirba heellee kana
keessattis, waa’ee bultii mana isii, heeraafi seera mana isii, haadha manaa ta’uu isii kan
isii hubachiisaniidha.” Jechuun dubbatu. Gabaabumatti, intaltii heerumtu jireenya
furamaarraa gara jireenya seeramaatti akka deemtu gadi fageenyaan kan akka hubattu isii
taasisaniidha. Heelleen kunis, walaloon isaa armaan gaditti tarraahee jira.

A. Ilillii ilillii Rummaanaa


Meeta daawwitii dukkaanaa
B. Meeta daawwitii
A. Sigaggeeysinee deebinaa
Bultii jabeeysi eefanaa
B. Meeta daawwitii
A. Aaddiyyee kaaruu ilkaanii
Kumaanuu yoom si argaanii
B. Meeta daawwitii (2)

Akkana jechaa waljalaa qabaa kan sirbaniidha. Qabiyyeen sirba heellee walaloo armaan
olitti dhiyaatee ergaan isaa, intala heerumtu faarsaa achumaan bultii isiitis akka
jabeeffattu dhaamuufi yoo agarsiisu, dabalataanis kana booda akka salphatti hiriyoota isii
waliin taphattee sirbuun akka isiif hin danda’amne kan itti beeysiisan ta’uu agarsiisa.

A.Way hobi heelleli heellee waarii


Moosina dubrumma walii shaarii
B.Moosina dubrummaa walii shaarii (2)
60

Jechaa kan sirban yoo ta’u, qabiyyeen yaada walaloo armaan olitti dhihaatee ergaan isaa
kan agarsiisu, umriin dargaggummaa gaarii ta’uufi kan akka feetetti hiriyoota isii waliin
akka barbaadetti taphachaa turte kana booda akka hin jirreefi heerumtee haadha manaa
tahuuf akka deemtu faaruu sirbaatiin kan itti himan tahuu hubachiisuudha.

A. Karaarrattii karaarratti siiqqeen karaarrattii


Gala yaanaa deebinee silaallaa nagayattii
B. Ni dachaanaa deebinee silaallaa nagayattii (2)

Jechaa yoo sirban, Ergaan qabiyyee walaloo armaan olitti dhihaatee, intala mana gurbaa
isii fuudhee fiduu isaanii kan itti beeysisaniifi erga manatti isii galchan booda seerri sibira
turuu nuuf hin hayyamuu ammaaf nagayaan turi garuu deebinee silaalla jechuun hawwii
qaban kan sirba heelleetiin dhaamaniif tu’uu hubachiisa.

Dimshaashumatti, fakkeenyonni qabiyyeewwan walaloo armaan olitti dhihaatanirraa


wanti hubatamu, dhaammannaa gaggeeysaa intala heerumtuuf godhamuu ilaalchisee,
faaruu sirba heellee adda addaatu dubartootaan faarfama. Walaloon armaan olitti dhiyaate
kunis, bo’oon jalqabaa kan inni irratti xiyyeeffatu: miidhaginaafi kabaja intalaa,
akkasumas, akka salphatti walii asii booda akka isiin hin argamne tahuu ibsa. Bo’oon
lammaffaas kan inni ibsu, intaltii tun kana booda jaartii namaafi haadha manaa tahuu isii
akka taateefi iccitii bultii jireenya mana isii akka jabeeffattuufi milkaa’ina kan hawwaniif
tahuu agarsiisa.Bo’ooleen hafanis kan inni ibsu, walii sirbaaf waarii deemtee akkafeetetti
hiriyyoota isii waliin taphachuu akka hin dandeenyeefi seera bultiitii kan malaa mariitiin
akka jiraattu beeki kunoo mana kee sifinnee wali deebina ammaf nagayatti yaada jedhu
ibsa. Gabaabumatti, intala heerumtuf maalummaan bultii maal akka taheefi akkamitti
mana isii akka bulfatuu kan hubachiisan tahuu kan agarsiisuudha.

4.2.6. Faaruu Sirba Heellee Abbaa Intalaa ittiin qeeqan

Adeemsa fuudhaafi heerumaa keessatti guyyaa kennaa intalaatii jalqabee hanga


guyyaafuudhaattii dabree dabree gufuun tarii gama abbaa intalaatiin uumamuu danda’a.
Keessaafuu, yeroo guduunfaafi gabbaraa abbaan intala sababa adda addaa uumuu mala.
Akka odeef-kennitoonni himanitti, “ Abbaan intalaa yeroo guduunfaa kennaa intala isaa
rakkoo uumuu mala. Rakkinichis, yooniifi intala isaa nama intalti hin jaalanneef kennuu
filateefi yoo waarri intala isaa qaalimate, dhabarraa kan ka’e gabbara horii xiqqaa
61

yookaan maallaqa gahaa qabaachuu yoo baatan diddaa yoo agarsiiseedha. Wayta kanatti,
dubartoonni lolaafi komii abbaa intalaa dura dhaabbachuun mormii isaanii karaa sirba
heelleetiin yaada isaanii kan dabarfataniidha.” Jechuun dubbatu. Gama biraatiin, faaruu
sirba heellee kana keessatti, oromoon aadaa bololummaafi shira akka hin hojjanne,
hawaasa dhugaa malee qabeenyatti amanuu akka hin ta’in karaa faaruu sirba heelleetiin
dubartoonni kan itti himan ta’uu kan hubachiisuudha. Haalli walaloo yaada armaan olii
kunis gaditti akka kanatti dhihaateera.

A. Duulee taruu didee duulee taruu didee


Guyyaan duulee taruu didee
B. Guyyaan duulee taruu didee
A. Lolee kennaa didee lolee kennaa didee
Way Aabbiyoon lolee kennaa didee
B. Guyyaan duulee taruu didee (2)

Akkana jechaa kan sirbaniidha. Qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee rgaan isaa kan
inni mirkaneessu, abbaan intalaa intala isaa kennuu diduu isaafi guyyaa kana lolus
injifachuu akka hin dandahin karaa faaruu sirba heelleetiin kan dura dhaabbatan tahuu
isaanii kan mirkaneessaniidha.

A. Manguddoo erganiiti baala buufatanii


Guduunfaa hiikkatanii gabbara waliinii
A. Guyyaan duulee taruu didee (2)

Haala kanaan kan sirban yoo ta’u, Ergaan qabiyyee walaloo armaan olitti dhihaatee,
ulaagaa fuudhaafi heerumni itti raawwatu kan ibsuudha Akkasumas, sirna fuudhaa
keessatti keennaan warra intalaatiif kennamu jiraachuu isaatiifi jimaan hiikuun kan
haasawa jalqaban ta’uu kan mirkaneessuudha.

A. Gaafa Sayyoon guute doonii nama baasaa


Intala kennaniitu garaa nama raasaa
B. Guyyaan duulee taruu didee
A. Nuu kennee nugalchaa
Soddaan kun nu baasaa
B. Guyyaan duulee taruu didee (2)
62

Akkana jechaa yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhiyaatee dhaamsi isaa,
akkuma garbi doonii sossoosu; intaltinis guyyaa keennaa isii akka abbaa marartu ibsa.
Akkasumas, abbaan intalaa arraaf lolus fuulduraaf soddaankun hammeenya akka hin
qabne kan hubachiisuudha.

Dimshaashumatti fakkeenyota qabiyyeewwan walaloo armaan olitti dhihaaterraa wanti


hubatamu, abbaan intalaa, intala dhale kophaa haa guddifatuu malee; guyyaa kennaa isii
kophaa isaa hin kennatu hanga warraa waliin kennaa isii kan raawatuudha. Yoo kennaa
yookaan heeruma ishee dide; hangi warraa dirqamaan dura dhaabbatanii kan
hayyamsiisaniidha. Walaloon armaan olitti dhiyaates bo’oon jalqabaa kan diddaa abbaan
intala isaa kennuu akka hin feenee agarsiisuudha. Dabalataanis, guyyaa kana inni
mormus hangi warraa kan isa dirqisiisan tahuu kan mullisuudha. Bo’oon lammaffaatis,
kan ibsu guduunfaafi jimaan hiikanii dubbii jalqabuu kan mullisuudha. Kanumaan
walqabatee abbaan intalaatis hammeenya biraa osoo hin taane keennaan ilmoo isaa qoftti
akka itti dhagahamteef malee nama gaarii tahuu isaa dubartoonni sirba heelleetiin kan
dhaamsa araaraa dabarfatan tahuu kan mirkaneessuudha. Gabaabumatti, yaanni walaloo
olitti dhiyaatan martinuu, ergaan isaa adeemsa fuudhaafi heerumaa keessatti rakkoon
gama abbaa intalaatiin uumamte gama mangudoo warraatiin akka dhumtu dubartoonni
karaa sirba heelleetiin kan ibsan tahuu kan akeekuudha.

4.2.7. Faaruu Sirba Heellee Hiriyyoonni / Geelonni waljaalatu Waliif Sirban

Hiriyaan kafana; hiriyaa gaarii abbaatu filata, yemmuu jedhamuu waa malee miti.
Shamarran dubraa, daaddummaan walitti dhufanii sirba heellee waliin taphatanis, garuu
addatti iccitii keessoo yaada isaanii tan wal dabarfataniin takka qabu. Geeleen tunis,
dhimma barbaachisoo dhimma jiruuf jireenyaa keessatti isaan mudatu kan waliin
qooddataniidha. Keessaafuu, akka odeef-kennitoonni himanitti, “ Shamarran wayta
migira guuran, wayta bobeessaa guuranfi bishaan lagaa waraaban faaruulee sirba heellee
gara garaatiin wal faarsanii kan taphataniidha.” Jechuun dubbatu. Gabaabumatti, geelonni
lamaan hawwiifi fedhii miira isaanii karaan itti waliif ibsan sirba heelleetiinii jechuun ni
danda’ama. Dabalataanis, oromoo tahuu isaanii, aadaafi safuu isaanii akka eeggatan
waliif dhaamuuf sirba heellee kan fayyadamaniidha. Fakkeenyi, walaloo kanaatis haala
armaan gadii kanaan kan dhihaateedha.
63

A. Hagaggaraa sutaan migiraa sutaan migiraa


Suuta deem aaddee qoree sidiraa qoree sidiraa
B. Suutaa deem aaddee qoree sidiraa qoree sidiraa
A. Aaddee intalaa boontu yaa hiiriyaa tiyya
Faayoo gammachiiftuu yaa daawwitii tiyya
Walii aaddaan baanemee maaltu nuuf wayyaa
B.Walii addaan baanemee maaltu nuuf wayyaa
A. Hanga arraantana koo fiiynee taphannee
Arra ammoo jalatoo booyaan gargar baanee
Bultii jabeeffadhu aaddee sidhaammadhee (2)

Akkana jechaa waljalaa qabaa kan sirbaniidha. Qabiyyeen Ergaan walaloo armaan olitti
dhihaatee, yaadni isaa sadarkaa jaalalti hiriyyummaa qabu kan ibsuufi waan gaariifi
badaas kan walirra itti laalan kan ibsuudha. Dabalataanis, hereen yookaan carraan
heerumaa addaan baasuu isaaniitti kan gaddan ta’uu kan faaruun wal hubachiisaniidha.

A. Heellelii heellelii heelleeyyoo


Hiriyyoo rahaana saakayyoo
B. Hiriyyoo rahaana saakayyoo
A. Heellelii silaa An mukaan muraa
Damee akkamiin godhaa
B. Hiriyyoo rahaana saakayyoo
A. Heellelii Ati heerumuuf deemtaa
Garaa akkamiin godhaa
B. Hiriyyoo rahaana saakayyoo
A. Heellelii silaa akka jaalalaa
Walbira nuuf wayyaa
A. Hiriyyoo rahaana saakayyoo (2)

Akkaataa kanaan yoo sirban, qabiyyeen Ergaan walaloo armaan olitti dhihaatee, jabinaafi
sadarkaa hiriyyummaan qabu mullisa. Gargar bahinsi hiriyaa waliin guddattee hangam
akka namatti ulfaatuufi dirqama hireeti malee osoo danda’amee carraan heruma
isaaniillee guyyaa tokkoofi olla tokko tahuu akka hawwan kan dhaamsa sirbaan waliif
mirkaneessan tahuu agarsiisa.
64

A. Heellelii moosina dubrummaa


Waa itti hin waaranii
B. Hiriyyoo rahaana saakayyoo
A. Heellelii hinboohin Aaddiyyee
Heeruma hin oolanii
B. Hiriyyoo rahaana saakayyoo
A. Heellee dhawaa tolchaa
Hirphaatu miidhaaysaa
B. Hiriyyoo rahaana saakayyoo
A. Dabaala Aaddiyyee
Faaruun galaaneysaa
B. Faaruun galaaneysaa (2)

Akkana jechaa yoo sirban, qabiyyeen walaloo armaan olitti dhihaatee ergaan isaa,
hiriyyoonni sirba heelleetiin jiruun gammachuu dargaggummaa kan itti hin fufne tahuu
hiriyaa isaanii tan heerumtu faaruu adda addaatiin faarsaa, jajjabeessaa, gammachuu isiif
qaban kan itti agarsiisan ta’uu sirbaan kan mirkaneessaniidha.

A. Heellee dhooytuu durii


Bartuu nan seehinii
Hundee Oromtichaa
Galtee nan seehinii
B. Galtee nan seehinii (2)

Jechaa yoo sirban, qabiyyeen Ergaan walaloo armaan olitti dhihaatee, Sirbi heellee nama
yookaan baaftuu dandeettiifi ogummaa cimaa qabuun akka gaggeeffamuufi sirbi heellee
aadaa Oromoo akka tahe kan itti hubachiisaniidha.

Dimshaashumatti, ergaan qabiyyeewwan fakkeenyota walaloowwan armaan olii kanarraa


wanti hubatamu, shimbirroon biyya biyyaa afaan afaan dubbatti akkuma jedhamu,
shamarran hiriyyummaan hedduu walitti dhihaatanii waliif dhimmaman oromiyaa bakka
adda addaatti moggaasa jaalala hiriyyummaa kan akka addooyyee, bililleefi kan biro yoo
waliif moggaasan shamarran harargee birattis geeleey fi hiriyeey jechuun wal waamu.
Haaluma kanaan, bo;oon walaloo armaan olitti dhiyaatanii kunis, bo’oon jalqabaa wanti
65

inni ibsu geelonni yookaan hiriyyoonni lamaan safii hodhuuf migiraafi wiixaa yookaan
sutaafi hagaggaraa citaa kana yemmuu guuran, guufuufi qoreen akka hiriyaa isii hin
dirreefi of eeggannoo akka gootutti hiree bultii fuulduraatiifi malaafi obsaan malee
jerjarri akka hinbarbaachifne sirba heelleetiin waliif dabarsuu isaanii kan ibsuudha.
Bo’oon lammaffaatis, hiriyaa akka rahanaafi saakayyootti urgooftu tan kolfanii waliin
taphataniifi rakkina keessoo isaanii iccitii qaban waliif ibsan biraa heerumuuf deemuu
isiif, yaaddoon jiraachuu kan ibsuudha.

4.3. Kaayyoon Sirbi Heellee Hawaasa Keessatti Sirbamuuf

4.3.1. Hawaasa Giddutti Jaalala Uumuuf

Kaayyoon sirba heellee yeroo fudhaafi heerumaa, akkasumas, yeroo biroo hawaasa bakka
bakkarra walitti dhufan faaruu aadaa sirba heellee kan adda addaa gargaaramuun hawaasa
walidhufe kana walbarsiisuun hariiroo isaanii cimsuudha. Akkasumas, hawaasa giddutti
jaalala obbolummaa umuufi akka hawaasni walfaana hiriiree waldhagahee jibba of
gidduu balleessan godhuudha. Akka odeef-kennitoonni himanitti, “kaayyoon sirba
heellee, hawaasa dubartoota harargee biratti yeroo fuudhaafi heerumaa walitti dhufanii
faaruu aadaa isaanii kan ta’e, sirba heellee afaaniin jechaaa dibbee dhawachuun
gammachuu guyyaa fuudhaa kan itti mullisaniidha. Dabalataanis, sirbi heellee hawaasa
giddutti hariiroo obbolummaa hawaasaa cimsuu, jaalalaafi tokkummaa ummataa itichuun
akka hawaasni wal jaalatu gochuudha. Guyyaa fuudhaa fira bira darbee kan ollaafi
gandaa walitti dhufanii dirqama tokko malee aadaa wal gargaaruutiifi rakkoo walii
furuurratti fakkeenya bareedaa akka wal dhaalchisan taasisa.” Jechuun dubbatan. Kunis,
sirbi heellee, walitti dhufeenya hariiroo hawaasa gidduu jiru akka cimstu kan godhu ta’uu
isaati agarsiisa. Fakkeenyi walaloo kanaatis haala armaan gadii kana fakkaata.

Mataa luuccaa qabdaa maafilachuu diddaa


Lammii balloo qabdaa maadhaadachuu dhabdaa
Itittuu buchumaa raafattee maadhuuynee
Keenya afran qalloo gaafattee maadhufnee
Saakayyoo masjiidaa tamiin muree dhiisaa
Hundinuu foon kiyyaa kamiin faarsee dhiisaa
Shanii qoph shanii qoph (2) (Afgaaffii)
66

Yaada walaloo armaan olitti dhihaatee kana yoo fudhannee kaayyoon isaa, saba
bal’aarraa dhalachuun kan nama boonsuufi nama ofii iyyafatanii barachuun hariiroo
namoomaa akka cimsu gochuu agarsiisa. Dabalataanis, hawaasummaan wal qabatanii
jiraachuun hawaasa giddutti jaalala tokkummaa akka argamsiisu kan mullisuudha.
Gabaabumatti, kaayyoon sirba heellee walitti dhufeenya hawaasa tokkootiif jaalalti
bu’uura akka ta’e karaa sirba heelleetiin hawaasa tokkoomsee wal jaalachiisuu godhuu
isaa kan mirkaneessuudha.

4.3.2. Hawaasa giddutti Dammaqina / hubannaa uumuuf

Kaayyoon sirba heellee faaruu gara garaa fayyadamuun hawaasa walitti qabame sanaaf
gorsa laachuudha. Hawaasni: maalummaa, eenyummaa, seenaa, afaaniifi aadaa abbootii
isaanii akka wal hubachiisan taasisuudha. Akka odeef-kennitoonni himanitti, “
Dubartoonni faaruu adda addaa fayyadamuun hawaasa qaruufi gootummaa seenaa isaanii
akka gallallaalanii baratan gochuudha. Goota faarsuufi luyna eeybeysuurratti yaadni
isaanii maal akka ta’e, maalummaa lammii isaaniitiifi eenyummaa saba isaanii kara sirba
heelleetiin yaada isaanii kan waliif dabarsaniidha.” Jechuun dubbatu. Kunis, dhaloonnii
xixiqqaan akka aadaa, afaaniifi hooda walirraa baratanii hubannoo isaanii akka argatan
godha. Gabaabumatti, kaayyoon sirba heellee, dubartoonni karaa sirba heelleetiin
gootummaa, qaroomafi siyaasaan jijjiiramuun hawaasaaf maal akka ta’eefi ummanni
seenaa isaanii akka beekan kan taasisuudha..

A.Oromoo Fardaan dabaalee


Saba koo fardaan dabaalee
Hee heellee heellee
Goota goota caalee
A. Abbaan koo Oromoo
Maal narraa gaafattaa
B. Hee heellee heellee
Goota goota caalee
A. Seenaadhaa dubbataa
Hundeensaa dhalootaa
Hee heellee heellee
B. Goota goota caalee
67

A. Gamnaafi gootummaa
Arjoomaafi qaroomaa
B. Hee heellee heellee
Goota goota caalee (2)

Yaada fakkeenya walaloo armaan oliitirra wanti hubatamu: kaayyoon sirba heellee,
faaruu sirba heelleetiin seenaa Oromoo keessatti hariiroo Oromoofi fardi waliin qaban
hawaasa hubachiisuu isaati. Akkasumas, Oromoofi dandeettii gootummaa Oromoon
qabu, seenaan kan ragaa bahuuf tahuu kan wal hubachiisaniidha. Dabalataanis Oromoon
arjummaa qabaachuu isaa, gamnummaa qabaachuu isaafi qarooma qabaachuu isaa kara
sirba heelleetiin dhalootaaf dabarsuu isaanii kan mirkaneessuudha. Gabaabumatti,
kaayyoon walalichaa, Oromoon arjummaa, gootummaafi qarooma seenaa dhugaarratti
hundaawe qabaachuu isaa dubartoonnii seenaa eenyummaa isaanii mullisu karaa sirba
heelleetiin hubannaa wal dhaalchisuu isaanii kan mirkaneessuudha.

4.3.3. Hawaasni Barumsa Barachuu Akka Qabu Fedhii Itti Uumuuf

Kaayyoon sirba heellee hawaasa bashannansiisaa barsiisuudha. Sababninis, sirbi heellee


haala yeroo waliin walqabatee waan sirbamuuf, achuma keessatti hawaasa gammachiisaa
faaydaa barumsaa hawasicha beeysisaa hawwii itti uumuudha. Akka odeef-kennitoonni
himanitti, “Dubartoonni, afoola sirba heellee kana fayyadamuun shamarran xixiqqaan
hawaasni qabu barnoota akka barataniifi dhaloota amma jiruufi kan dhufuuf faaydaa
barumsaa karaa sirba heelleetiin itti beeysisuudha. Hawaasni barumsa akka baratuufi
namni barateefi kan hin baratin tokkoo akka hin taane gorsa isaanii sirba heellee kana
keessatti haawwan kan dabarsaniidha.” Jechuun ibsu. Yaadni kunis, hawaasni barnoota
akka baratu karaa sirba heelleetiin kaayyoo isaanii kan dabarfatan ta’uu isaaniiti ibsa.
Fakkeenyi walaloo yaada armaan oliitti dhihaatees akka armaan gadii kanatii dhihaateere.

Baratee sammuu qabaa baratee mataa qabaa


Horiin dhuftus boonaan dalagee kiishaa qabaa
Aruus boonaa mirgisaa eeggamu qabaa (2)

Yaadni fakkeenya walaloo armaan oliitti dhihaatee xiyyeeffanaan isaa, sadarkaa gurbaan
arra fuudhe kun qabuufi barnootaan wanti hundi akka argamuu kallatti itti mullisaa
hawaasni akka fakkeenya godhatee ilmaan barsiifatu karaarra kaa’uu agarsiisa.
68

Akkasumas, namni barateefi kan hin baratin tokko akka hin tahin sirba heelleetiin
dubartoonni waliif dabarsuu isaanii kan mullisuudha. Barnoonni sammuu akka namaa
banuufi namni barate mirgi isaa akka kabajamu danda’u dubartoonni sirba heelleetiin kan
waliif dabarsaniidha. Dabalataanis barnoonni furtuu waa maraa akka taheefi hawaasni
ilmaan isaanii barsiisuu akka qaban karaa sirba heelleetiin kaayyoo qaban waliif dabarsuu
isaanii kan akeekuudha.

4.4. Gumaachi Sirbi Heellee Ijaarsa Hawaasummaa, Diinagdeefi


Siyaasa Utubuu Keessatti Qabu

4.4.1. Gama Ijaarsa Hawaasummaatiin

Gumaachi sirbi heellee ijaarsa hawaasummaa keessatti qabu, hawaasa walitti fiduun
jaaree tokkoomsuu bira darbee, hawaasni akka hin faffacaane walitti dhoorkee
itichuurratti gumaacha madaallii hin qabne kan qabuudha. Akka odeef-kennitoonni
himanitti, “ Hawaasa dubartoota harargee biratti sirbi heellee saffartuu madaallii
eenyummaa shamarran keessatti of ilaalan jechuun nidanda’ama. Dubartoonni karaa sirba
heelleetiin aadaa walgargaaruufi hooda isaanii walbarsiisuu bira darbanii kabajaafi
naamusni namummaa hawaasa giddutti akka dagaagu gochuu’rratti gumaacha hangana
hin ja’amne qaba.” Jechuun dubbatu. Kana malees, gumaachi sirba heellee ijaarsa
hawaasummaa keessatti qabu, hawaasni akka wal baree gamtaan waliin jiraataniifi
rakkoofi balloo keessattis akka walbira dhaabbatan gochuudha. Dabalataanis, hawaasa
gidduuti tokkummaafi jaalala waloo akka horatan gochuurratti akka buu’ura ciminaatti
kan fudhamuudha. Walumaagalatti, hawaasni afaan, aadaa, duudhaa, eenyummaafi
seenaa isaanii akka walirraa baratanii dhaloota dhaalchisan gochuu irratti gumaachaa
olaanaa kan qabuudha.

4.4.2. Gama Ijaarsa Diinagdeetiin

Gumaachi sirbi heellee ijaarsa diinagdee keessatti qabu, dhiiraafi dubartii, abbaa manaafi
haadha manaa osoo adda baafne akka jabataanii caarraaqqatan faaruun hamilee hojii
isaan keessatti kan uumuudha. Akka odeef-kennitoonni himanitti, “ Dubartoonni yeroo
adda addaatti sirba heellee fayyadamuudhaan nama carraaqqatu faarsanii hamilee isaa
daran akka cimu taasisuufi nama dabeesa ammo arrabsuudhaan akka hojiif si’aawu
69

gochuurratti dubartoonni sirba heellee fayyadamanii gumaacha madaalii hin qabne tapha
heellee kessatti kan agarsiisaniidha.” Jechuun dubbatu. Kunis, kan innii raga bahu,
hojjatanii of jijjiiruun guddinaafi jijjiirama hawaasa tokkootiif hedduu barbaachisaa ta’uu
kan agarsiisuudha.
Dabalataanis, dubartoonni faaruu sirba heellee gargaaramuun hawaasni akka socho’ee
jiruu injifatu kaka’uumsa keessatti kan uumuudha. Kanamalees, sirba heellee
fayyadamuudhaan dubartoonni garaagarummaa qabeenya namootaa, garaagarummaa
qabeenya biyyaa fi kabaja qabeenyi qabuufi xiqqeenya hiyyummaan qabdu fakkeenya
fudhachuun hawaasni akka diinagdeen of jijjiiran karaa qabsiisa. Akkaatuma kanaan,
dubartoonni hojjachuun akka bakka guddaa namaaf kennurratti hawaasa karaa sirba
heelleetiin gahee isaanirra eeggamu raawwachaa akka jiran hubachiisa. Gabaabumatti,
dubartoonni sirba heellee fayyadamuun hawaasni baratee akka of jijjiiru, misoomatti
akka ciccan taasisa. Kanaafuu, nama hojjateefi namni barate bakka yaade akka gahuufi
hawaasni hojjatanii diinagdee isaanii akka guddifatan karaa sirba heelleetiin kan gorsa
waliif gumaachaniidha.

4.4.3. Gama Ijaarsa Siyaasaatiin

Siyaasni ummata Oromootiif haarawa yoo jenne guyyaan halkan jechuu ta’a.
Kanumarratti hundaa’uudhaan sirbi heelleetis haala yeroo waliin walqabatee kan
sirbamuu yoo ta’u, jiruufi jireenya keessatti hacuuccaa dhuunfaas ta’ee kan hawaasaan
walqabatan karaan dubartoonni iccitii isaanii ittiin dabarfatan keessaa sirbi heellee isa
tokkoodha. Akkaatuma kanaan, dubartoonni Oromoo harargee kunis, yeroo rakkoofi
balloo keessatti afoola sirba hellee kana fayyadamuudhaan quuqama jiruufi jireenya
hawaasaa karaan ittiin dabarfachaa as gahaniidha. Gumaachi sirbi heellee ijaarsa siyaasaa
keessatti qabu, dubartoonni faaruu sirba heellee keessaatti, Eenyuummaa, afaan, aadaafi
duudhaa isaanii kanarra roorroo gahaa ture, faaruu sirba heelleetiin gargaaramanii qabsoo
hangana hin ja’amne bahachaa kan turaniifi ammas bahachaa kan jiraniidha.
Dabalataanis, dubartoonni faaruu sirba heellee fayyadamuun sammuu hawaasaa qaruu,
akka of baran godhuufi mirga isaanii beekanii akka falmatan gochuurratti sirbi heellee
gumaacha guddaa bahachaa kan jiruudha.

Gabaabumatti, sirbi heellee ijaarsa siyaasaa utubuu keessatti kan dubartoonii Oromoo
harargee siyaasa qabsoo isaanii walbarsiisuufi wal ijaaruurratti karaa ittiin qabsoo lafa
70

jalaa finiinsaa as gahan waan ta’eef, gumaacha olaanaa kan qabuudha. Yaada kanas, akka
odeef-kennitoonni himanitti, “ Dubartoonni, sirba heelleetiin, eenyummaa, gootummaafi
seera bulmaata Oromoollee kan keessatti wal itti hubachiisaniidha.” Jechuun gumaacha
sirbi heellee ijaarsa siyaasaa keessatti qabu dubbatan. Kunis sirbi heellee siyaasa utubuu
irratti gumaachaa qabaachuu isaati mirkaneessa.
71

5. GUDUUNFAA, ARGANNOO FI YABOO

Boqonnaa kana jalatti; guduunfaa, argannoofi yaboon kan argaman yoo ta’u,
kallattiidhaan kan irratti xiyyeeffatamu qabu wanta qorannoo kana keessatti jalqabaa
kaasee hanga dhumaatti jiran ibsaafi yaadaa waliin wal duraa duubaan kan itti
dhihaataniidha.

5.1. Guduunfaa

Qorannoon kunis kan inni irratti xiyyeeffate, Xiinxala Qabiyyee Sirba Heellee Oromoo
Harargee: Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Qaacceessuu, kan jedhuudha. Kaayyoon
ijoofi firiin bu’uura qorannoo kanaa irratti hundaahuudhaan, cuunfaan qorannoo kanaa
haala armaan gadii kanaan dhihaatee jira. Sabni Oromoo hawaasa biyya lafaa kanarra
jiran keessaa tokko tahuun isaa beekkamaadha. Hawaasni kun ummata afoola mataa isaa
fayyadamuudhaan aadaa, hooda, seenaa, eenyummaafi maalummaa isaanii kallattii adda
addaatiin karaa itti wal barsiisan keessaatti afoolli sirba heellee kan hammatamuudha.
Ummanni Oromoo Harargee hawaasa bal’aafi aadaa baay’ee haaqa baatuu malee,
caalmaatti aadaan isaan keessatti argamu kan hedduu walitti dhufeenya isaanii
mullisuudha. Hawaasni hangana dhageeytii guddaa qabu kun kan inni ibsamuu qabu akka
gosa afoola tokkoo kan damee barnootaa keessatti beekkamtii haala qabuun kan
ilaalamuu ta’uu qaba.

Haa ta’uu malee afoolli sirba heellee Oromoo Harargee kun saganta barnoota keessatti
akkaataan raawwii isaa kana fakkaata kan jedhu qorannoodhaan qoratamee wanti
ibsamee tokkoolleen hin jiru. Ta’us garuu, ummanni Oromoo Harargee Dirree Dhawaa
dabalatee jiruufi jireenya gammachuu isaa keessatti afoolli dubartoonni dhimmaa isaanii
ittiin gaggeeffatan keessaa sirbi heellee isa tokkoo akka ta’e beekkamaadha.

Dabalataanis, Ummata Oromoo Harargee kan bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa biratti
sirbi heellee dubartoota biratti jaalala olaanaa kan qabuudha. Hawaasni Oromoo Harargee
kan Dirree Dhawaa kunis akakuu afoolaa sirba heellee kana akka qaamaa aadaa godhatee
dhalootaa dhalootatti dubbii afaaniitiifi sochii qaamaatiin hambaa seenaa kan hortee
isaaniirraa dhaalaa waliif dabarsaa yeroo fuudhaafi heerumaa akkasumas, yeroo biroo
kan itti fayyadamaa as gahaniidha. Haa ta’uu malee sirbi heellee kun akka dur sanitti
72

ciccoominaan qabuurrattifi ulaagaa isaa eeganii sirbuurratti ammallee dubartoota


shamarranii warraa xixiqqaa biratti, laaffinaafi hanqinoonni kan mul’atan yoo ta’u,
akkanumaa wajiin sirba heellee kana ammallee dubartoonni kan taphachaa jiraniidha.

Kanarraa ka’uudhaan qarannoon kunis, Xiinxala Qabiyyee Sirba Heellee Oromoo


Harargee: Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa qaacceessuu jedhu fudhatee kan
hojjateedha. Sababoonni gurguddoon qorataan mataduree kanarratti qorannoo akka
hojjatu isa taasisan keessaa hangafoonni:Afoolli sirba heellee haawwan gurguddaafi
haawwan gumureeyyii biratti malee, shamarran ol guddachaa jiran biratti, irraanfatamaa
dhufuu isaati. Afoolli sirba heellee afaanumaan hawaasni walirraa dhaalaa dhufe kun
irraanfatamuu waan danda’uuf, barreeffammatti jijjiiruun dhalootaaf olkaahuudha.

Qoratichi qorannoo kanaaf iddattoo filatee qorannoo hojjatee jira. Innis araddoota jiran
keessaa gandoota muraasa namoonni sirba heellee sirritti beekan jiran akka fakkeenyaatti
keessaa fudhachuun odeeffannoo namoota irraa walatti qabuun danda’ameera. Isanis,
haawwan gurgudaafi haawwan gumurreeyyii kanneen dhimma sirba heellee irratti
hubannoo fi muuxannoo qaban; nama torba (7) irraa odeeffannoon funaannamee jira.
Odeeffannoon funaanamanis, gaaffiilee qorannichaa irratti hundaahuun yoo ta’u, isaanis,
qabiyyeewwan sirba heellee akkaataa qoqqoodama isaatiin ergaa inni dabarsu, kaayyoon
sirbi heellee hawaasa sana keessatti sirbamuufi gumaacha sirbi heellee ijaarsa
hawaasummaa, diinagdeefi siyaasa utubuu keessatti qabu maalii kan jedhaman,
qaacceessuufi ibsuudhaan barreeffamatti jijjiiruun dhalootaaf olkaahanii irraa barsiisuuf
qarannoon kun kan gaggeeffameedha.

Dabalataanis, qabiyyeewwan sirba heellee akkaataa qoqqoodama ergaa isaatiin kan


jedhu, bakka lamatti qoodamee jira. Kunis, qabiyyeewwan sirba heellee haalarratti
hundaa’uun qoqqoodamanii ergaa dabarsaniifi qabiyyeewwan sirba heellee dhimmarratti
hundaa’uun qoqqoodamanii ergaa dabarsaniidha. faaruu sirba heellee kan fuudhaafi
heerumaafi yeroo biro walitti funaanuun akka qabiyyee qoqqoodama ergaa isaatti, akka
kaayyoo inni sirbamuufittifi akka gumaacha ijaarsa isaatti, barruudhaan dhaloota
dhaalchisuudha.

Akkaatuma kanaan, gaaffiilee bu’uura qarannoo keessatti ka’an deebisuuf, maloota


odeeffannoo gara garaa kan akka gaaffiifi deebii, hub-daawwannaafi marii garee
73

akkasumas, barruulee tokko tokkootti fayyadamuun ragaalee walitti qabuun danda’amee


jira. Ragaalee argaman kanneen bu’uura godhachuudhaan sirba heellee walitti qabuun
ibsi bal’aan itti kannamee jira. Kanamalees, qoratichi qorannoo kana keessatti madda
raga tokkoffaafi madda ragaa lammaffaattiis fayyadamee jira. Akka madda ragaa
tokkoffaatti kan filate, Haawwan gurguddaa fi haawwan gumareeyyii kanneen sirba
heellee keessatti hirmaatanii fi beektota dhimma kanaa madda godhachuudhaan kan
hojjateedha. Akka madda ragaa lammaffaatti sakatta’a kitaabiileefi barruulee gara garaa
kan maxxanfamaniifi hin maxxanfaminiis sakatta’uun ragaa isaa akkuma tartiiba
isaaniitiin qindeessee qaacceessuun hojjatee jira.

Sirbi heellee gosa isaatiin sadarkaa saditti baafama. Innis: sirba heellee haawwan
gurguddaa, sirba heellee haawwan gumureeyyiifi sirba heellee shamarran xixiqqaati.
Yeroon sirbi heellee taphatus, yeroo fuudhaafi heerumaa akkasumas, yeroo ayyaanaatiifi
yeroo birootis hawaasa dubartoota Oromoo Harargee kan Dirree Dhawaa biratti, haala
kabajaafi miidhagina goonfateen tapha raawatamudha. Sirbi heellee kan bulchinsa
magaalaa Dirree Dhawaa, qabiyyeewwan sirba heellee akkaataa qoqqoodama ergaa
isaatiin, kaayyoo sirbi heellee hawaasa keessatti sirbamuuf, gumaachi sirbi heellee ijaarsa
hawaasaa keessatti qabu, kan of keessaa qabu ta’uun isaa adda baafamee jira. Isaan kunis,
dhaloota aadaa barsiisuu, jaalala isaan giddutti cimsuu, hawaasa tokkoomsuu, dhaloonni
akka baratan kaka’umsa keessatti uumuu, seenaafi dammaqina siyaasaa hubachiisuu,
eenyummaafi maalummaa ofii barsiisuu dabalatee, wal qixxummaafi mirga namummaa
isaanii karaa ittiin falmii isaanii beeksifataniidha.

Addatti garuu, sirbi heellee kan dubartoonni warra dhiiraarraa addatti qabaniifi kan
cuunqursaafi roorroo dubartootaafi hawaasa waliigalaatirra gahaa tureefi ammas gahaa
jiru, akkasumas aadaafi hooda hawaasichaa, heera Oromootiifi gootummaas; dubartoonni
sirbatti fayyadamaa akka turaniifi ammallee afoola sirba heelleetiin dhaloota jiru qaraa
kan hubannoo boonsaa waliif dabarsaa jiraniidha.

Sirbi heellee akka bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaatti kan taphatamu; yeroo fuudhaafi
heerumaa, yeroo afeerraa garagaraa, yeroo ayyaanaa, yeroo birraafi yeroo hojii misoomaa
kan taphatamuudha. Sirbi heellee kan haawwan gurguddaa, kan haawwan gumureeyyiifi
kan dubra shamarrannii yookaan dhaloota xixiqqaatti kan qoodamuu yoo ta’u, haawwan
gurguddaan gaheen isaanii ililbee, harka rukutuufi qama’anii eeybisuu qofa. Sirbi heellee
74

shamarran xixiqqaa darbee darbee yeroo jala bultii fuudhaafi heerumaa kan taphatamuu
yoo ta’u, caalmayatti, olaantummaadhaan kan sirritti bifa nama hawwatuun baayyinaan
kan taphatamuu sirba heellee haawwan gumureeyyiiti jechuun kan danda’amuudha.

Walumaagalatti, qabiyyeewwan faaruu sirba heellee akkaataa qooqqoodama ergaa


isaatiin wal qabatee akka armaan gaditti kan tarreeffaman kana yoo ta’an, kanneen
haalarratti hundaahuun sirbamaniifi kanneen dhimmarratti hundaahuun sirbaman jechuun
qoqqoodamanii jiraatanis, asitti garuu hundinuu bakka tokkotti dhihaatanii jiru. Isaanis,
faaruu sirba heellee afeerraa gumaataa, faaruu sirba heellee haadha intalaa, faaruu sirba
heellee gurbaa fuudhuu, faaruu sirba heellee intala heerumtuu, faaruu sirba heellee
soddoota lamaanii, faaruu sirba heellee hiriyoota intalaa, faaruu sirba heellee geelee
yookaan addooyyee lamaanii, faruu sirba heellee abbaa intalaa, faaruu sirba heellee
balaaleffannaa, faaruu sirba heellee quurramaa, faaruu sirba heellee gootummaafi faaruu
sirba heellee heera bulmaataa yookaan dabaree baallii oromoofi eenyummaa kan ibsan of
keessaa kan qabu tahuun mirkanahee jira. Sirbi heellee galgalaafi guyyas yeroo fuudhaa
dubartoonni nyaata aadaa, dhugaatii aadaafi uffata aadaa, akkasumas meeshaalee faaya
aadaa kan adda addaa kan fayyadaman tahuu qarataan qarannoo kanaan adda baasee jira.

5.2. Argannoo

Firiin qorannoo tokkoo kan mullatu laffaatiifi ba’aa bahii adda addaa meeqaa booda
wanta qorataan qoratee argatuudha. Qorataan kunis, qorannoo mata dureen isaa,
Qaacceessa Sirba Heellee Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa jedhurratti
gaggeeffameen akka waliigalaatti firii qorannoo isaa kan ta’e qabxiiwwan ijoo ta’aniin
akka armaan gadii kanatti kan dhihataniidha.

 Sirbi heellee haawwan gurguddaafi haawwan gumureeyyii biratti malee, shamarran


xixiqqaa biratti sirba aadaa isaanii guddisuu caalaa, sirba aadaa bahar gamaa itti makanii
sirbuun, hawaasa aad-dhablee taasisuun afoolli kun laaffachaa gara irraanfatamuutti
deemaa jiraachuu isaa qorataan qorannoo taasiseen sirritti adda baasee jira.
 Sirbi heellee kan dubartoonni warra dhiirraarraa addatti qabaniifi sirba heellee kana
fayyadamanii mirgaafi roorroo dubartootarra akka dhuunfaattis, akka waliigalaattis
hawaasarra gahaa jiruufi gahaa ture, kan ittiin falmatan tahuu qorannoo taasifameen
mirkanahee jira.
75

 Sirbi heellee: dhaloota aadaa barsiisuu, jaalala hawaasa giddutti cimsuu, hawaasa
tokkoomsuu, seenaafi siyaasaa hubachiisuufi eenyummaa karaa ittiin wal beeksisan
tahuu qorataan qorannoo taasiseen bira gahamee jira.
 Gumaachi sirba heellee hawaasa tokkoomsee akka wal hubatanii of jaaran godhuu,
diinagdeen akka cimanii of jijjiiranii dorgoomaa ta’an kaka’umsa waloo isaanii uumuufi
gama siyaasaatiinis akka qaroomanii eenyummaa ofii isaanii tiiyfatan taasisuu kan of
keessatti qabate tahuu isaa qorannaa kanaan bira gahameera.
 Dubartoonni sirba heelleetiin wal qabatee yeroo fuudhaafi heerumaas ta’ee yeroo biroo
wantoonni barbaachisoon isaan fayyadaman: gosoota aadaa kanneen akka uffata aadaa,
nyaata aadaa, dhugaatii aadaafi meeshaalee faaya aadaa kanneen mara akka hin banneeti
kunuunsaa maalummaa moggaasa isaanii waliin faaruu sirba heelleetiin kan dhaloota
dhaalchisaa as gahan ta’uu isaanii bira gahamee jira.
 Sirbi heellee sirba dubartoota qofa ilaallatuufi kan yeroo fuudhaafi heerumaa akkasumas
yeroo birraafi yeroo ayyaana iidaafaa kan taphatamu yoo ta’u, sirbichi gamtaan geengoo
uumanii waljalaa qabaa baaftuu sirbichaa nama tokkoon dibbee fayyadamanii ililchaa,
harka rukutaa, sochii qaamaafi ragada kan hammatu tahuu qorannoo kanaan bira
gahamee jira.
 Sirbi heellee gosoota isaatiin: heellee haawwan gurguddaa, sirba heellee haawwan
gumureeyyiifi sirba heellee shamarran gashaantii kan of keessatti hammatuufi irra caalatti
gahee olaanaafi baayyinaan kan taphatamu yeroo fuudhaafi heerumaafi yeroo birootis
sirba heellee kan haawwan gumureeyyii tahu kan sirritti qorataan odeef-kennitoorraa
qorannoo kanaan adda baafameedha.

5.3. Yaboo

Oromoofi Oromiyaan: baayyina namaafi ballina lafaa, baayyina kutaaleefi, heddummina


aadaa, baayyinaa jachaafi addaa addummaa loqodaa dabalatee qabeenya uumamaa kan
rabbiin badhaase kana karaan itti waliif dabarsaa turan afoolaa yoo ta’u, sirbi heellee isa
tokko. Afoola sirba heellee kana gaaga’amaafi badii jalaa hambisuuf akka furmaataatti
qorataan qabxiiwwan armaan gadii tarreessee jira.

1. Akka bulchinsaatti, waajirri aadaafi turiizimii itti yaadee gosa afoola siba heellee kana
osooniifi qorannaa irra gaggeessee qoratee barreeffamaan kaa’ee baayyee gaariidha.
76

2. Qorattoonnifi hayyoonni afaanii kan dhaabbata barnoota gara garaa keessa hojjatan
dandeettiifi muuxannoo qabaniin hirmaatanii afoola sirba heellee kana osoo qoratanii
barreeffamaan maxxansanii dhalootaaf olkaa’anii bareedaadha.
3. Waajirri aadaafi turiizmii waajjira ministeera barnootaa wajjiin ta’uun afoola sirba
heellee kana akka baratamu; qabiyyee sirna barnootaa keessatti dabalanii osoo akka
baratamu godhanii dansaadha.
4. Hayyoonni Oromoo kan baratanii kitaaba adda addaa barreessitaniifi barreessuuf fedhii
qabdan; dhimma afoola aadaa sirba heellee kanaaf xiyyeeffannaa osoo kennanii qoratanii
kitaabatti jijjiiranii heedduu gaariidha.
5. Wallistoonni suursagalee fi sochii viidiyootiin gargaaramanii afoola sirba heellee kana
gadi fageenyaan osoo dhaloota haariya warra sagalee fi sochii sirba heellee kana hin
beeyneef akka fakkeenya ta’uuf godhanii gaariidha.
6. Qaamni dhimmi ilaalu afoola sirba heellee kana kan afaaniin darbaa jiru kana osoo
barreeffamatti jijjiiree dhaloota dhufu dhaalchisee gaariidha.
7. Namoonni naannoo bulchiinsa magaala dirree dhawaa kan sadarkaa barnoota isaanii
foyyeeffachaa jira qorannoo eebbaatiif mata duree kana osoo filatanii irratti hojjatanii
afoolli kun akka badiif hin saaxilamne godha.
77

WABIILEE

Addunyaa Barkeessaa. 2011. Akkamtaa: Yaad-rimmee Qorannoo Hujoo (Concept of


Applied Research). Finfinnee: EfficeincyPrintig Press.

Beekan Gulummaa.2015.Dimdimoo:Cooma Aadaafi Afoola Uummata Oromoo.


Finfinnee; Ellenip. p.plc.

Birhaanuu Hirkoo. 2010. Biiftuu Ganamaa:Finfinnee: Soft-mic printing press

Bergen, B.1993. Qualitative Research Methods for the Social Sciences. California State
University, Long Beach.

Dastaa Dassaalanyi. 2002. Bu’uura Qorannoo. Finfinnee:Dhaabbata Maxxansaa Boolee.

Dastaa Dassaalany. 2013. Bu’uura Qorannoo. Finfinnee: Dhaabbata maxxansaa Boolee.

David, E.G. 2004. Doing Research in the Real World: London, SAGE publications Ltd.

Dorson, Rechard.1972. Folklore and Folklife: An Introduction. Chicago: The Universtyof


Chicago Press.

Encyclopedia Americana, 1993.Vol.4;861.

Federal Democratic Repoblic Of Ethiopia Commission Central Statics Agency, The 2007
population and hausing cunsus of Ethiopia results for dire dawa city administration
statistical report, augus, 2010. Addis Abebe Brenna printing enter prise.

Georges, R. A and Jones, M. O. (1995). Folkloristics: An Introduction. Bloomington and


Indiana Polis: Indiana University Press.

Filee Jaalataa. 2019:69. Kitaaba Malleen Qorannoo, 2013. Bu’uura Qorannoo.


Finfinnee: Dhaabbata maxxansaa far East Trading Plc.

Filee Jaallataa. 2016. Beekumtaa Oromoo: Mana Maxxansaa Raajii, Finfinnee.

.
78

Fiqaadee Azezzee. 1991. Introduction to Oral Literature. Addis Ababa: Institite for
International Cooperation of the German Adult Education Association IIZ/DV
(RRRRRRRR 1991 ::RRRRRRRRRR:RRRRRRRRRRRRRRRRRRRRRR)

Geetaachoo Rabbirraa. 2009. Furtuu: Seerluga Afaan Oromoo. Finfinnee: Kuraz


International Publisher interprise

Holman, H. 1992. A Hand book of Litrature (6thed.). USA, Macmillan Publishing Press

Longman Ruth Fennegan. 1977. Oral poetry: Composition Performance and Context.
Cambridge: Cambridge Universty Press Australian pty Limited.

Misgaanuu Gulummaa. 2011. Dilbii: Bu’uura Afoolaa, Ogafaaniifi Afwalaloo Oromoo.


Finfinnee.

Ruth Fennegan, 1976. Oral Litrature in Africa.Nairobi University press.

Ruth Fennegan.1976. Oral poetry: It is Nature and Significance and Social Context.
Cambridge: Cambridge Universty Press.

Taaddalaa Olaanaa Sanyii. 2016. Qaaceessa weedduu lookoo: Haala Oromoo gamoo
godina harargee lixaa aanaa gubbaa qorichaa, waraqaa qorannoo ittiin
guuttannaadigriilammaffaafdhihaate:Yuunvarsiitii Addis Ababaa.(kan hinmaxxanfamin).

Yaadannoo Gaaromsaa Koorsaatiin. 2014. Hora Obaa (Kuusaa Afoollan Oromoo)


Finfinnee, Oromiyaa

Zabiibaa Muzamil. 2007. Qaacceesa Weedduu Gaa’elaa Godina Iluu Abbaa Booraa
Aanaa Daarimuu, Waraqaa Qorannoo Digrii lammaffaa Guuttachuuf; Muummee Afaan
Oromoo, Hogbarruufi Fooklooriif Dhihaate: Yuunvarsiitii Addis Ababaa. (kan
hinmaxxanfamin).

Zerihuun Asfaaw. 1996. Yesinee Tsihuuf Meseretawiyaan: Addis Abebaa Benigdi


Maattemiyaa Beet Dirijjit Yetaatteme. (ዘሪሁንአስፋው (1996)፡፡የስነዑሁፍ

መሰረታውያን፡፡አዲስ አበባ፤ንግድ፡ማተሚያ፡ድሪጅት፡፡)
79

DABALEEWWAN

DABALEE - A

Gaaffiilee Odeefkennitootaaf Qophaawe

Yuunivarsitii Haramaa Kolleejjii Saayinsiiwwan Hawaasaafi Namummaa, Muummee


Afaan Oromoo, Ogumaafi Qunnamtii SagantaaBarnoota Digrii Duraan Boodaa
(Maastarii) Aartiiwwan Afaan Oromoofi Ogumaa Barsiisuutiin Afgaaffii Qorannoo
Ulaagaa Ittiin Guuttannaa Digrii Lammaaffaa Gaggeessuuf Qophaawe.

Afgaaffii sirba heellee bulchiinsa magaalaa dirree dhawaatiif qophaawe. Gaafiileen


afaanii kun: haawwan gurguddaa, haawwan gumureeyyiifi manguddoo argaa dhageettiif,
waa’ee sirba heellee irrattii hubannoo ni qaban jedhamaniif kan dhihaateedha. Kaayyoon
qorannoo kanaaafoola sirba heellee bulchiinsa magaalaa dirree dhawaa qaacceessuu
jedhurratti raga funaanuuf odeeffannoo amansiisaa ta’an armaan gadii bu’uura
godhachuudhaan deebiin isinirraa kennamu qoranoo kana guutuu akka taasisu ni
amanama. Kanaafuu, odeeffannoo ifaafi bilisa ta’e akka naaf kennitan kabajaaniin isiin
gaafadha.

Maqaa odeefkennaa-------------------Umrii------Saala------Ganda----------Gahee hojii-------

1. Heellee jechuun maalii?


2. Yoomiifi eessatti taphatamaa?
3. Qabiyyeen sirba heellee haala kamiin qoqqoodamaa?
4. Heelleen dhuunfaan taphatama moo gamtaan taphatamaa?
5. Eergaaleen sirba heellee keessatti hawaasaaf dabru kan akkamiitii?
6. Gaheen sirbi heellee hawaasummaa, diinagdeefi siyaasa keessatti qabu hoo?
7. Dubartoonni heellee keessatti aadaafi faaya meeshaa akkamiitti fayyadamuu?
8. Hirmaattonni sirba heellee dubartoota qofa moo warra dhiiraas ni dabalataa?
9. Haalli raawwii sirba heellee akkaataafi bifa adeemsa kamiitiin gaggeeffamaa?
10. Sadarkaan ammaan tana sirbi heellee irra jiru maal fakkaataa?
11. Gara fuulduraatti sirba heellee kanaaf eeggumsa akkamtu godhamuufii qabaa?
80

DABALEE– B

Gabatee Maqaa Odeef-kinnitootaa

Lakk. Maqaa Koorniyaa Umrii Ganda

1 Aaminaa Alii Dha 46 Ganda Garaadaa

2 Zeeytuunaa Dha 49 Laga Harree


Mahaammad

3 Halimaa Abubakar Dha 52 Ganga Gammachuu

4 Faaxumaa Muusaa Dha 41 Ganda Guggubaa

5 Maftuhaa Ibraahim Dha 32 Ganda Gabaree

6 Faaxumaa Yuusuf Dha 65 Ganda Caffee

7 Sakiinaa Abubakar Dha 44 Magaalaa Caphxuu


81

DABALEE:-C

Suuraa1. Afgaaffii

Suura2. Hub daawwannaa


82

Suuraa3. Marii Garee

Suuraa4. Afgaaffii
83

Suuraa 5. Afgaaffii

Suuraa 6. BuchumaAananii
84

Suuraa 7. Heellee Shammarranii


85
86

You might also like