You are on page 1of 6

Ayyaana ijoollee Irreecha dura kabajaman: Ukee, Taaboree

25 Hagayya 2019

Yeroo ijoolleen ayyaana ukee taphatanMADDA SUURAA, NEMERRA KUMESA/FB

Sirna Gadaa keessatti hunduu gahee fi itti gaafatamummaa ofii akkuma qabu, ijoolleenis sadarkaa Sirna
Gadaa keessatti dirqama qaban alatti ayyaanas qofaatti kabajatan qabu.

Waqtii gannaa kessaahuu baatii Hagayya keessa bakka hundatti tokko ta'us baatu ijoolleen horii tiksuu,
warraaf ergamuufi kaaniin ganna dabarsu.

Sirna Gadaa keessatti hunduu gahee fi dirqama ofii akkuma qabu, ijoolleenis sadarkaa Sirna Gadaa
keessatti dirqama qaban alatti ayyaanas qofaatti kabajatan qabu.

Ayyaanota Irreecha dura kabajaman keessaa tokko immoo ayyaana ijoollee dha. Kunis, 'guyyaa
bilisummaa' isaaniif eeyyamamedha jedhu hayyoonni.

Ayyaanota ganamaa Oromoo bari'uu birraa himan

Aadaa Oromoo keessatti ayyaanota ijoolleen qaban keessaa Ukee, Taaboree, akkasumas Buhee
jedhamee kan waamamuus ni jira. Maqaa biraatin kan waamaman jiraachuu malu jedhu hayyoonni.

Ukee

Ayyaanni ijoollee kuni wagga waggaan A.L.I Hagayya bultii 13 kabajama. Ayyaanni kuni gara caalu
Oromoo Tuulamaa biratti Ukee jedhamuun waamama. Galgala kan kabajamu yoo ta'u ijoolleen loon ni
faarsu.

Akkasumas ulee qabatanii gandarra deemaa warra qe'ee maqaa gaariin waamaa, walaloon bareechaa
galateeffatu.

Ayyaanni kunis ijoolleen hiriyyummaa akka cimsatan, qe'eefi naannoo isaanii akka baran, dandeetii
walaloo walitti fiduufi weellisuullee akka cimsatan gargaara.
Naannodhuma Finfinnee Aanaa Walmaraa ganda barfataa kan jiraatan maanguddoon umrii 60 Obbo
Caalaa Fayyisaan yeroo ayyaana kanaa waan qixaa'u akkanaan dubbatu.

''Yeroo ayyaana Ukee daabboo bixxilleetu godhama. Maatiinis isa nyaatu. Ijolleen xixiqqoos
waggaadhuma waggaadhaan siribiti. Yoggaa isaan dhufan daabboo mulmulee bixxillee sana kennuf,''
jedhan.

Waa'ee Gadaa wantoota shan

Sirba sirbanif ijoolleen daabboo qofa fudhatanii hin deebi'an. ''Ijoolleenis warra isa kenneef eebbisanii
deemu,'' jechuun himu Obbo Caalaan.

Gaafa ayyaana kanaa mana keessatti nyaanniifi dhugaatiin kaanillee qophaa'ee maatiin akkasumas firri
ni sooratu.

Ijoolleen sirba qofa miti qacceellee foo'ani qopheessanii gaafa walitti dhufan dhukaasu. ''Qawwee caalaa
sagaleen isaa dhagahama,'' kan jedhu Obbo Caalaan.

Qeeroon Sinboonaa Didaa immoo Godina Lixa Shawaa magaalaa Mogor jiraata. Akkuma dargaggoo
kaanii ijoollummaatti ayyaana ijoollee kabajeera.

Yaa dureessakoo doottinaa (2)

Boolloo xaddee doottinaa

Yaa dureessakoo doottinaa

Ati maal dhabdee doottinaa …


Akkasumas, ''Ofee dhufe yaa dureechakoo loonan tiksa karra naa bani,'' jedhanii ijoolleen sirbu kan
jedhu dargaggoon kuni amma garuu daabboo osoo hintaane gatii ijoolleen sirbanif waan biraa argatu.

''Amma garuu erga barri jijijjiirame amma maallaqa kennufi. ''

Sirni buttaa maalidha?

Yunivarsiitii Bulee Horaa irraa qorannoo waa'ee Ukee barruu 'Jornaal of Inoveeshin ende Saayintifik
Riisarch' jedhamu irratti addatti maxxanasaniin waan ijoolleen sirban akkanaan kaa'u.

"Ukee yaa ukee

Ukee bara kaanii

Kan miilli dagaanii

Ukee bara quufaa

Hindaaqqoo dhudhuufaa..."

Taaboree

Ayyaanni ijoollee kuni gara caalu Oromoo Maccaa biratti Taaboree jedhamee waamama. A.L.I waggaa
waggaatti Hagayya bultii 13 kan kabajamu yoo ta'u gara Godina Horro Guduruu Wallaggaa keessa
Hagayya bultii 12 kabajama.

'Kuni dhaha waliin walqabata,' jechuun himu barreessa kan ta'an Obbo Charinnat Waaqoyyaa.
Ayyaanni kunis akkuma Ukee ijoolleetu kabaja. Haa ta'u malee, Ukee waliin xiqqoo garaagarummaa
qaba.

Taaboree kabajuuf godoo ijaaruun barbaachisa. Ijoolleen qe'ee tokko jiran ofuma isaanii muka qe'eetti
dhihoo jiru kanneen akka reejjii, anfaarree, abbayyii, ceekaafi kaan muranii godoo ijaaru.

Ijoollee ukee sirbitu

MADDA SUURAA, MAYOR OFFICE OF ADDIS ABABA

Ayyanni kuni akkuma Ukee gara galgalaa kan kabajamu yoo ta'u godoo sana keessatti nyaanni akka
cumboo, cororsaa marqaa, qorii fi kaan ijoolleen nyaachuu danda'an dhihaatee ijoolleen akka sooratan
ta'a.

Ayyaana kana irratti ijolleen umriin isaanii 9 - 16 ta'an irratti ni hirmaatu kan jedhan barreessaa kitaabaa
kan ta'an Obbo Charinnati Waaqoyyaati.

Qorannoo kaan irratti immoo ayyaanni Taaboree da'immanin akka kabajamu kan eeran jiru.

Ayyaana kana irratti iIjoolleen erga sooratani booda horii sirbaan galateeffatu.

Taaboree taaboree sa'aa

Taaboree taaboree re'ee

Taaboree taaboree hoolaa … jechuun horii hunda waliin gahu jedhu Baay'isaa Tolasaan qorannoo digirii
lammaffaaf hojjetaniin.

Mijuu maatiin dhiheessannis maatiin ni sooratu. Ijoolleefillee kennamuu baatu akkuma Ukee dhugaatiin
akka farsoo, daadhii fa'illee ni qophaa'a.
Kanaan alatti garuu ayyaanni kuni ayyaana ijoolleen sadarkaa isaanii adda baasuuf itti fayyadamanidha
jedhu barreessaa Charinnat Waaqoyyaan.

Baatii Sadaasaa maaliif balfaan ulu?

''Taaboreen ayyaana ce'umsaati. Fakkeenyaaf inni dhiiraa godoo sana cabsee fiigee osoo hin qabamin
yoo gindii abbaa isaa qabate, durbis akkasuma qodaa bukoo yoo qabatte bara dhufu ayyaanicha hin
kabajani jechuudha,'' jedhan.

''Reettii, hoolaa ykn jibichi ni qalama. Namoonni gurguddaas irratti hirmaatu ijoollee qofa miti,'' jechuun
qofaatti maatiin ayyaanicha irratti hirmaatu jedhu barreessaa Charinnat.

Ayyaanni Taaboreefi Ukee waan isaan wal fakkeessu baay'ee qabaatanis waan itti adda ba'anis qabu.
Isaan keessaa tokko, ''Ayyaanni Taaboree godoo barbaada,'' jedhu Dr Darajjeen.

''Ayyaanni Taaboree walabummaas agarsiisa. Seera ittin bulmaataa akkaataa ittiin raawwatan Ukee
caalaa qaba natti fakkaata.''

Baay'isaa Tolaasaa immoo qorannoo isaanii keessatti Ukeenillee godoo akka qabu eeruun sagantaan
haati ijoollee itti eebbistu akka jiru barreessaniiru.

Ayyaannii Ukee barana dallaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kabajameera

MADDA SUURAA, MAYOR OFFICE OF ADDIS ABABA

Ibsa waa'ee suuraa,

Ayyaannii Ukee/Taaboree/Buhee barana dallaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kabajame irratti


bulchaan magaalatti qaccee dhukaasaniiru

Gama kaaniin, ayyaanni Ukee bakkeewwan tokko tokkotti Buhee jedhamuun waamama. Ayyaana
Taaboree ykn Ukee bifa amantii qabuun Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaas ni kabajji.
Ayyaanniifi aadaan wal keessa akka jiru Yunivarsiitii Jimmaatti muummee Fookiloorii kan hundeessan Dr
Darajjee Fufaan dubbatu.

''Aadaa, amantii, ammayyummaan walkeessa jira. Tokko kan biraarraa fudhachuu danda'a. Aadaan
Oromoo amantiis, aadaas, sirna gadaa wajjiin walqaqqabateedhuma jira.''

Sababoota kanaaf, ayyaanonni hunduu bakka durii hin jirani. Ammayyummaa, amantii, guddina
magaalotaafi kaan waliin waan makatees qaba.

Akka fakkeenyaatti Obbo Caalaan bakka isaan jitraatanitti gaafa ayyaana Ukee ijooleen ''ammallee
Afaanuma Amaaraatiin sirbu,'' jechuun BBC'tti kan himan.

You might also like