You are on page 1of 28

OGBARRUU OROMOO (OROMO LITERATURE)

QOPH: ADMAASUU TOLASAA


M/BARUMSAA BULTII ADDAA SAD/2FFAA YUNIIVAERSIITII WALLAGGAA
MUUMMEE BARNOOTAA AFAAN OROMOO

BITOOTESSA, 2015ALI

NAQAMTEE, OROMIYAA

1 Qoph: Admasu Tolasa


SEENSA OGBARRUU
Hojiiwwan kalqaa keessaa tokko Og-barruudha. Ogbarruun damee Barnoota Afaanii bal’aa ta’ee,
sanyiwwan hojii kalqaa adda addaa ofjalatti kan hammatudha. Hojiiwwan kalqaa og-barruu
ogummaa bu’aa sammuu uummataa kanneen jiruufi jireenya dhala namaa calaqqisiisanidha.
Seenaan, aadaan, duudhaaniifi bu’aa-ba’iin jireenya uummataa hundi hojii kalqaa og-barruu
keessaan hawaasaaf dhiyaachuu danda’a. Og-barruun miidhaginaafi qindoomina kalqaa gaarii ta’e
waan qabuufi waa’ee dhala namaas waan ta’eef baay’ee nama hawwata.

Hojiin kalqa Ogbarruu bu’aa sammuu uummataa ta’e kun karaalee afoolaafi barreeffamaatiin
hawaasaan qophaa’ee hawaasaaf karaa adda addaa dhiyaata. Ogbarruun kalqa afoolaa afaaniin
waan hojiirra ooluuf umurii falaasama barreeffamaatiin duratti yeroo dhalli namaa afaanitti
fayyadamuu eegalee kaasee nama tajaajilaa akka ture hayyoonni ogbarruu himaniiru. Ogbarruun
kalqa barreeffamaa immoo yeroo dhalli namaa barreeffamatti gargaaramuu jalqabee asitti hojii
kalqa barreeffama gosa adda addaatiin hojii irra oole.

OGBARRUU (LITERATURE)
Og-barruun damee barnoota afaanii isa guddaafi beekamaa tokko waan ta’eef, qabiyyeen isaa
baay’ee bal’aadha. Mataduree kana jalatti maalummaa isaa irraa eegaluun gosoota og-barruu
hundarratti xiyyeeffachuun bal’inaan ibsuuf yaaleera.

Maalummaa Ogbarruu

Sababoota adda addaa irraa kan ka’e hayyoonni og-barruudhaaf hiika adda addaa kennaniiru.
Sababni inni tokkoffaan, og-barruun ogummaa umurii dheeraa qabu waan ta’eefidha. Ilmaan
namaa barreeffamaan ofibsuu osoo hin jalqabin durayyuu og-barruu afoolaatti afaaniin
fayyadamaa waan turaniif umuriin ogbarruu umurii dhala namaatiin walqixatti tilmaamama.

Sababaiin lammaffaan immoo Og-barruun ogummaa waa’ee dhala namaa waan ta’eefi ogummaa
bal’aa waan ta’eefidha. Og-barruun ogummaa kalqaa kan waayee uummataa, uummataaf deebisee
dhiyeessu, daawwitii jiruufi jireenya dhala namaa deebisee uummataatti calaqqisiisuufi ogummaa
bal’aa, miidhagina uffatee hawaasaaf dhiyaatu, ogummaa jaallatamaadha. Kanaaf gabaabumatti,
umurii dheeraa, bal’inaafi waa’ee uummataa ta’uu isaa irraa kan ka’een hayyoonni yeroofi
ogummaa adda addaatiin walqabsiisanii og-barruuf hiika adda addaa kennaa turaniiru.

Kanaafuu, Og-barruun maali?

Mee, hiika Og-barruuf kennan kanatti aanseen bal’inaan ibsa. Hiika hayyoonni kennan kana irraas
maalummaa og-barruu amma tokko hubachuun nidanda’ama jedheen yaadaa.

Melaakinee Mangistuu (1999) maalummaa og-barruu ilaalchisee akkas jedhe, “Literature is the
cultural heritage of people. It is a record of people in a diversity of forms at various levels of
scholarship.” Akka yaada hayyuu kanaatti, ogbarruun dabarsa aadaafi galmee jiruufi jireenya

2 Qoph: Admasu Tolasa


uummataa kan sadarkaa adda addaa ta’uusaa hubanna. Itti dabalees, “It is an experience of life,”
jedha. Og-barruun muuxannoo jiruufi jireenya uummataa akka ta’e hayyuun kun eeree jira.

Hiikni biraa immoo waa’ee ogbarruu akkana jedhama: “Literature is a creative work of art, which
expresses the truth of experience in terms of beauty to be comprehended, and it is a means of
communicating ideas of intellectual and social signiflicance.” jedha.

Hiika armaan olitti ibsaman kanneen irraa hubachuun akka danda’amutti, Og-barruun ogummaa
afoolaafi barruu kalqa sammuu dhala namaa miidhagina uffatee qindaa’uun aadaa ykn
muuxannoo jiruufi jireenya uummataa akka daawwitii hawaasaatti agarsiisu, ogummaa umurii
dheeraa qabuufi jaallatamaa kan ta’edha.

GOSOOTA OG-BARRUU (GENRES OF LITERATURE)

Ogbarruun ogummaa bal’aa damee hedduu ofjalaa qabudha. Dameewwan kunneenis karaalee og-
barruun ittiin hojiira oolu ta’uu isaanii hubanna. Ogbarruu jalqaba bakka gurguddaa lamatti
qoodnee xiinxaluu dandeenya. Isaanis: Ogbarruu Afoolaa (Oral Literature)fi Ogbarruu
Barreeffamaa (Written Literature)ti. Ogbarruun Afoolaa warreen akka: Mammaaksa, Geerarsa,
Hibboo, Jechama, Tapha ijoollee, Sheekkoo, Ciigoo, Dubbii qolaa, Weedduufi k.k.f ta’u. Umurii
barreeffamaatiin duratti Og-barruun Afoola gosoota afoolaa armaan oliitiin hojiirra oolaa ture.

Ogbarruun barreeffamaa hojiiwwan barruu kalqaa warreen akka: Asoosamaa (Fiction), Ogwalaloo
(poetry), Do’ii/Diraamaa (Dirama) ofjalatti hammata. Asoosamni gabaabaafi dheeraa jedhamuun
bakka lamatti qoodama. Asoosamni gabaabaan akkuma maqaasaa barreeffama gabaabaatiin
yommuu dhiyaatu, Asoosamni dheeraan immoo barreeffama kalqaa bal’aafi dheeraa ta’ee, jiruufi
jireenya uummataa bal’inaan sirriitti ibsuu kan danda’udha.

Ogwalaloon sanyii og-barruu barreeffamaa keessaas isa tokko ta’ee, umurii barreeffamaatiin
durattis waggoota dheeraadhaaf afoolaan dhiyaachaa waan tureef og-barruu umurii dheeraa
qabudha. Kana malees, ogbarruu barreeffamaa keessaa kan gochaan (by action) hojiirra oolu
Do’ii/Diraamaadha. Isas jalqaba, bakka gurguddaa lamatti qoonnee xiinxaluu dandeenya. Isaanis:
Tiraajedii ykn Diraamaa gaddisiisaafi Komeedii ykn Diraamaa bashannansiisaa ta’u. Gosoota Og-
barruu kana akka kanatti aanee jirutti bal’inaan balballoomee waan dhiyaateef tokko tokkoon
dubbisuun hubachuun nidanda’ama.

1. AFOOLA (ORAL LITERATURE)

SEENSA: Afoola hawaasa ofii beekuun of beekuudha. Hubannoon kuufama afoola irraa argamu
beekumsa uumamaan qabnu waan bal’isuuf gorsa jireenya keessatti nu fayyadu nuuf kenna. Namni
afoola hawaasa isaa beeku eessaa akka maddeefi garamitti akka deemu nibeeka. Nama ta’uun
qaama hawaasaa ta’uu waan ta’eef, eenyuyyuu afoola hawaasa isaa irraa hinfagaatu; garuu namni
afoola isaaf xiyyeeffannoo kennuu dhiisuudhaan of dagachuu danda’a.

3 Qoph: Admasu Tolasa


Afoolli dhiibbaa dhala namaarra gahu waan balaaleffatuuf daandii dimokiraasii saaquufis ta’e,
mirga dhala namaa falmuuf nifayyada. Afoolli amala namootaa kan dogoggora ta’e sirreessuuf,
bashannansiisuuf, gorsuuf, ciminaafi hanqina hawaasaa eeruuf bal’inaan hojiirra oola. Namni
hawaasa isaa jaallatu afoolasaafi afaansaas nijaallata. Kun immoo beekumsi natoon uummataa
jiraatanii darbanii, har’as dhaloota haaraa keessatti akka itti fufu taasisa.

Afoolli beekumsa hawaasaa seenaan argachuu hindandeenye ibsuufi muuxannoofi mudannoo


eenyummaa hawaasichaa har’as calaqqisiisu waan ta’eef, wanti darbe tokko akka umurii
dheeraatiif itti fufee hojiirra oolu taasisa. Kanaafuu, afoolli “seenaa lubbu-qabeessa” jedhamuun
beekama. Hojii afoola Oromoo babal’isuu, mumul’isuufi barreessuu keessatti barsiisaa qofa osoo
hintaane, barattoota daa’imman Oromoo aadaafi afoola Oromoo keessatti dhalatanii itti guddatan
irraas hojii guddaatu eegama.

MAALUMMAA AFOOLAA

Afoolli maali? Afoolatuu Og-barruu ofjalatti hammatamoo ogbarruutuu afoola of jalatti


haammata? Afoolli bifa maal maalfaatiin dhiyaata? Yaada kanatti fufee dhiyaate irraa hubachuu
nidandeessa.

Ogbarruutuun afoola of jalatti hammata. Afoolli damee ogbarruuti jechuudha. Afoollis gama
isaatiin dameewwan isa jalatti hammataman kanneen akka: Mammaaksaa, geerarsaa, sheekoo,
tapha ijoollee, oduudurii, hibboo, jechama, ciigoo, weedduufi kkf ofjalaa qaba.

The history of the literature probably dates back to the earliest human society; however
early had they lived, people created stories, sometimes to entertain themselves, sometimes
to educate others, and sometimes for several other purposes. Before the introduction of the
writing system, such stories were transmitted orally from generation to generation. The
term oral literature originates from here; at the early stage of human history, all literary
works were preserved by oral tradition (Myeong, 2011).

Afoolli sanyiiwwan og-barruu keessaa isa tokko yoo ta’u, hojii kalqaa sammuu uummataatiin
uumamee, haasaa afaaniitiin ykn afaaniffaan (orally) labata ykn dhaloota tokko irraa gara labata
haaraatti daddarbudha. “Oral literature is one of the genres of literature which can be transimited
from one generation to the new generation orally or through oral narration.”

Afoollii hojii dandeettii kalqa sammuu uummataati. Hawaasni afoola isaatti gargaaramuun gadda,
gammachuu, rakkoo, badhaadhina, dinqisiifannaa naannoofi miseensota hawaasaa, roorroo,
diddaafi kkf ittiin ibsata. Ogeessonni Og-barruu akka jedhanitti, umuriin afoolaafi umuriin afaanii
akka walqixa ta’e eeru. Afoolli umurii falaasama barreeffama hammayyaa duraa eegalee,
waggoota dheeraaf kan hawaasni itti fayyadamaa tureefi har’as bal’inaan hojii irra oolaa jirudha.
Afoolli bifa Hololoofi Walalootiin dhiyaachuu danda’a. Akaakuwwan afoolaa warreen bifa
hololootiin dhiyaatan warreen akka sheekkoo, oduu durii, mammaaksa, hibboofi kkf yoo ta’an,
warreen bifa walalootiin dhiyaatan ammo warreen akka weedduu, faaruu, geerarsa, ciigooofi kkf
ta’u.

4 Qoph: Admasu Tolasa


AMALOOTA AFOOLAA

Gosoota Og-barruu keessaa afoollis amaloota mataasaa qaba. Isaanis:

A) Hurruubummaa (Performance)

Afaoolli gochaan hojiirra ooluun qabatamaa taasifama ykn lubbuu horata. Afoolli gamtaadhaan
ykn gareedhaan hirmaachuun, waljalaa qabuun, akkasumas, jechaafi gochaan walsimee
dhiyaachuun hojii irra oola. Fakkeenyaaf sheekkoon nama seenessu (himu)fi namoota
dhaggeeffatan qaba. Weedduufi geerarsis, garee jalaa qabaniifi gochaalee kanneen akka utaaluu,
sirbuu, shubbisuu, ragaduufi kan kana fakkaataniin dhiyaata. Hibboonis, nama gaafatuufi garee
deebii kennu qaba. Amalli akkanaa kun “Hurruubummaa” jedhama. Hurruubummaan akka
afoolli lubbuu horatee qabatamaa ta’u taasisa.

B) Lufuu (Transimition)

Lufuun afoolli dhaloota tokko irraa gara dhaloota haaraatti daddarbaa deemuu isaati. Afoolli
haasaa afaaniitiin kan daddarbu yoo ta’ellee, bifa lamaan mul’ata. Isaanis: afoola jechaan
daddarbuufi kanneen jechaafi gochaan daddarbanidha. Afoolli jechaan lufan kanneen akka hibboo,
mammaaksa, sheekkoofi kan kana fakkaatan yommuu ta’an, warreen gochaafi jechaan lufan
immoo: sirba, ragada, shubbisa, shaggooyyeefi kanneen kana fakkaatan ta’u. Kana irraa
ka’uudhaan sirba naannoo Jimmaa, Kamisee, Boorana, Nannoo Kibbaa, Naannoo Tigiree,
Guraagee, Wallaggaa, Shawaafi kannee kana fakkaatan adda baafnee beekuu dandeenya. Afoolli
bifa walaloofi hololootiin daddarbuu danda.

C) Jijjiiramuu Afoolaa (Dynamic)

Afoolaafi uummanni addaan hin ba’an. Afoolli mallattoo eenyummaa uummatichaa waan ta’eef
waliin deemuu. Jijjiiramniifi qaroominni hawaasicha keessatti uumamu tokko kallattiin ykn
alkallattiin afoolas jijjiiruun isaa hin oolu. Afoolli irra caalaa haasaa afaaniitiin waan darbuuf
jijjiiramuuf saaxilamaadha. Jijjiiramni kunis, gaalee, jecha, hima, duraaduuba haasaa, baay’inaafi
gosa qooddattootaa afoola irratti mul’achuu danda’a.

D) Uummatummaa

Afoolli qabeenya nama dhuunfaa osoo hin taane, qabeenya waliinii uummataati. Abbaan
afoolichaas uummaticha maradha. Afoolli Afaan Oromoo kan saba Oromoo maraa waan ta’eef,
anis atis abbummaa keessaa niqabna. Kanaaf, aantummaafi abbummaadhaan waliin taanee
kunuunfachuu, barsiifachuu qabna.

E) Miidhaginaafi Qindoomina Afoolaa

Umurii barreeffamaatiin duraa eegalee hanga ammaatti afoolli bifa qindoominaa fi miidhagina
gaarii qabuun hojii irra oolaa ture; har’as hojiirra oolaa jira. Jechoonni filatamoon afoola keessatti

5 Qoph: Admasu Tolasa


argaman kanneen akka: dubbii qolaa, ciigoo, jechamootaafi kkf akkasumas, qindoominni bifa
walaloo afoolaafi yeedalloon isaanii waliin ta’anii miidhaginaafi qindoomina afoolaa mirkaneessu.

F) Yoomessa Afoolaa (Setting)

Yaadarimeen yoomessaa jechoota “yoomiifi eessa” jedhan irraa kan ijaarame yommuu ta’u,
iddoo ykn bakkaafi yeroo afoolli itti hojiirra oolu kan ilaallatudha. Kanaaf, afoolli kamiyyuu
yoomeessa yookiin yeroofi bakka ykn iddoo itti hojiirra oolu niqaba.

FAAYIDAALEE AFOOLAA
Afoolli wantoota baay’eedhaaf hawaasa fayyada. Faayidaalee afoolaa barreeffama kana keessatti
akka itti fufee jirutti bal’inaan ibsee waanan jiruuf dubbistee hubachuu dandeessa. Faayidaalee
afoolaa keessaa kanneen bu’uuraafi ijoo ta’an qofan ibsuu yaala. Faayidaaleen bu’uuraa afoolli
qabus: Ibsuu, Cimsuu, Qeequu (To’achuu), Miliquu fi Barsiisuudha.

1. Ibsuu: Faayidaalee afoolaa keessaa tokko ibsuudha. Afoolli gaaffilee uumamaa sammuu
hawaasaa keessatti uumamaniif ibsa kennuuf fayyada. Fakkeenyaaf, hawaasni gaaffilee
uumama armaan gadiitiif afoolatti gargaaramuun ibsa kenna. a/Gaangeen maaliif hin dhaltu?
b/Eegeen re’ee maaliif ol garagale? Kkf.
2. Cimsee dabarsuu: Afolli aadaa, amala, naamuusaa, seenaa, gootummaa, dhugaafi wantoota
gaarii ta’an kan biroos cimsuun utuu hinbadiin ykn walirraa hincitiin cimanii akka itti fufan
taasia. Fakkeenyaaf seenaan gootota Oromoo durii kanneen akka: Abdiisaa Aagaa, Taaddasaa
Birruu, Hagarii Tulluu, Garasuu dhukii, Firrisaa Abbaa Waggaafi kkf utuu hin dagatamin
cimanii yaadatamaa akka itti fufaniifi afoolaanis himamuun jajjabeeffamu. Akkasumas,
sirnoonni qaa’elaafi kabaja ayyaana gaarii ta’an cimanii akka itti fufaniif afoolaan
jajjabeeffamu.
3. To’achuu (Qeequu) : Afoolli doggogora hawaasa keessatti mulachuu danda’aniifi amaloota
gadhee warreen akka: hatuu, sobuu, doqnummaa, loogummaa, hojii hiikuufi kkf ceepha’uun,
qeequun, alkallatiidhaan arrabsuun, too’achuufi adabee sirreessuuf gargaara. Fkn. Hattuufi
sobduun ija hinjabaattu! Bor hinbeekneen qodaan bukoo sagali!
4. Miliquu: Dhalli namaa afoolatti gargaaramuun jireenya gaddisiisaa, nuffisiisaa,
suukkanneessaafi namatti hintolle keessa yaadaan sammuu isaa jajjjabeessuun gara addunyaa
gammachuufi boqonnaa qabuutti godaana. Kanaaf, afoolli haala hamaa, gaddisiisaafi
jibbisiisaa guyyaa guyyaatti jireenya keenya mudatu keessaa gara addunyaa sammuu keenya
boqochiisuutti yaadaan dhiphina jalaa miliquufi erga kallattiin dubbachuu hindandeeny tokko
afoola keessa miliqnee dabarfachuu nufayyada. Fkn. Baraafi murxuxxee gadi jedhanii ofirra
dabarsu. Biyya goophoon baay’atetti oljedhanii deemuun qaaniidha. “Otuu beeknuu huuba
wajjin,” jette sareen.

6 Qoph: Admasu Tolasa


Kana malees, afoolli jechoota ifatti akallattin dubbachuuf nama saalfachiisan afoola keessa
miliqnee akka dubbannuufi afoola keessa miliquun ergaa akka dabarfannuuf nugargaara.
Fakkeenyaaf, hacuuccaa sirni mootummaa abbaa hirree Dargiifi mootummoonni Habashaa isa
dura turan keessatti afoolaan cigoo armaan gadii dubbachuun nidanda’ama.

Fkn -Utuu karaa deemnuuu mana cidhaatti gorree


Seenaa ilmaan oromoo kan nuun jedhu dhabne.
5. Barsiisuu: Faayidaalee afoolaa kanneen bu’uuraa keessaa inni shanaffaan barsiisuudha. Umurii
falaasama barnoota idilee duratti hawaasni afoolatti gargaaramuun ijoollee isaanii barsiisuun
naamusa, safuu, aadaafi dudhaa, akkasumas, amala gaariifi sammuu bilchaataa horachiisaa turan;
har’as akksuma. Afoolli addaafi duudhaa, seenaafi hambaa, akkasumas, kuusaa muuxannoofi
beekumsaa kan jaarraafi waggota hedduu qabatee waan jiruuf har’as sadarkaalee umurii
miseensota hawaasaa hundatti hawaasa amaloota gaarii kanneen akka tokkummaa, gootummaa,
amanamummaa, arjummaa, qusannaa, hojii kabajuu, yeroo kabajuu, jaalala biyyaa, kabaja dhala
namaa, walqixxummaafi kkf barsiisuuf faayidaa guddaa qaba.
FKN -Sheekkoo waa’ee sangoota sadaniifi warabessaa
- Tokkummaan Humna!
- Ol kaa’an malee ol ka’anii hin fuudhan.
- Mixiin wal qabattee laga ceeti.
- Qunceen waltaatee harba hiiti.
--------------------------------------------------------------------------------------------------------------
DUBBIIWWAN QOLAA/ MALLEEN DUBBII/
(FIGURATIVE SPEECH)
Dubbiiwwan qolaa ykn malleen dubbii (figurative language) Afaan Oromoo keessatti
hedduminaan argamu. Malleen dubbii kun osoo Afaan Oromoo afaan barreeffaa hin ta’in dura kan
tureefi kan umurii dheeraa qabudha. Erga Afaan Oromoo afaan barreeffamaa ta’ee, asitti ammoo,
malleen dubbii ykn dubbiiwwan qolaa bal’inaan og-barruu barreeffamaa keessa galanii fayyadaa
jiru. Kunis kan ta’eef, dubbiiwwan qolaa haasaa afaaniitiin afoola keessattis ta’e, kan barreeffamaa
keessatti yaadaaf miidhagina kennuu irra iyyuu darbee yaada ifa gochuuf waan gargaaruufidha.

Dubbiiwwan qolaa (malleen dubbii) haala jechoonni hiika duraan qabaniin alatti galma yaadame
tokko ga’uuf hiika qabaachuun qindeeffama haala qaroomina qabuun ijaaramee haasaa keessattis
ta’e barreeffamas kan miidhagsuufi kan mi’eessudha. Malleen dubbii ykn dubbiiwwan qolaa gosa
adda addaatu jiru. Isaanis: Akkasaa /simile/, Iddeesa/Bakkasaa/Bakka buusa/metaphor/, Ateessa
/Apostrophe/, Anyaarsee /satre/, Nameessa /personification/, Ukukkubbee /Harbeessuu
/Hyperbole, Habalaka/Irony/, Miteyyee/paradox/fi Fakkee/symbolism/ ta’u.

1. Akkasaa /simile /
Dubbiin qolaa akkasaa jechootaa “akka ykn fakaataa” jedhanitti gargaaramuun wantoota adda
addaa lama kallattii dhaan waldorgomsiisuun ykn walbira qabuun yaada keenya afoolaanis ta’ee

7 Qoph: Admasu Tolasa


barreeffamaan kan ittiin ibsannudha. “Simile is one of the figurative speech in which a
comparision is expressed by the specific use of a word or phrase such as like, than, seems or as.
eg. He is eating like a horse. She is as tall as a giraffe. He seems an angry lion.”

 FKN. Akka sangaan goobaatti raachi dhootee duute.


-Taliileen akka sattawwaa dheeratti.
- Boontuun akka billaachaa barristi.

2. Iddeesa/Bakkasa/Bak-buusaa/Metaphor/: Dubbiin qolaa Iddeesa/Bakkasa/Bak-buusaa


akkuma ‘akkasaa’ wantoota lama kan waldorgomsiisu ykn walbira qabu yoo ta’eyyuu,
bakkasaa ykn bakka buusaa keessatti wantoota lama karaa alkallattii ta’een dorgomsiisa.
Wantoota lama karaa dhokataa ta’een waldorgomsiisuudha. Haala kanaan, dubbiin qolaa kun
haasaa ykn barreeffama miidhagsuufi mi’eessuu bira darbee, yaada tokko irra caalaatti ifa
taasisuuf baay’ee faayidaa qaba. Jechoota “akka” ykn “fakkaataa” hin gargaaramu.
Fkn–Eessumni koo qeerransa! Abbaan koo Leenca korma. Eenyutu ba’ee na mormaa! Geerarsa
armaan olii keessatti eessuma isaa qeerransaan, abbaa isaa immoo leenca kormaan bakka buusee
jira.
3. Nameessa / Personification: Nameessi gosoota dubbii qolaa keessaa wantoota nama hin
taaneef amala, dandeetti, bifaafi k.k.f kan dhalli nama qabu gonfachiisuun dubbachuudha.
 Fkn. “Utuu beeknuu huuba wajjiin soorana; sifaa’e nisifaa’a; dinnaan baafnee ganna” jette
sareen.
 Biyya namni isa hin beekne dhaqee “gogaa naaf hafaa” jedhe waraabessi.
 “Kunuu warri rafnaani,” jette sareen.
 “Abbaatuu ofmara,” jedhe bofti.
 “yoon iyyee malee lafti naaf hinbari’u,” jedhe kormaan lukkuu.
 “Sagal elmamus, sagaltamni elmamus, koo qiraacumatti” jette adurreen.
 “Utubaan natti hinjigiin malee, waayee abiddaa duruu itti beeka,” jette eeleen manni
gubannaan.

4. Ateessa /apostirophe/: Ateessan wantoota nama hin taane “ati eessa jirta?” jechuun waamanii
itti haasa’uu, gaaffii gaafachuufi waliin dubbachuudha. Akkasumas, siidaa nama lubbuun
hinjirretti ykn dur du’etti akka waan deebii kennuu danda’uutti waliin dubbachuudha.
Nameessan wantootaaf amala nama kennuuu yommuu ta’u, ateessaan garuu, akka namatti
wantootatti dubachuudha.
Fkn,
 Yaabiiftuu ganamaa, dubbadhu dhuguma; kan shira dalage ormamoo nu’umaa?
 Yaa hiyyummaa, tur ammaan ummataa Oromoo irraa simancaasaa!
 Yaadhugaa ati dubbadhu.
 Yaadu’aa ati immoo yoom duutaa?
 Deega koo yaafarrisa, tur amman si fannisaa, mukarbaa daraaretti, ilma abbaan abaaretti.

8 Qoph: Admasu Tolasa


5. Anyaarsee / satire/: Anyarseen amala ykn dogoggora hawaasa keessatti mul’ate too’achuuf
ceephoon arrabsoo lafee namaa qabsutti kan gargaaramnudha.
Fkn. –sareen bakka ofii teessu nama teessifti.
 Qaalluun kan ishee hin beektuu kan namaa fagdi.
 Kara nama gadhee sareen abidda qaqqaammatti.
 Sareen nama nyaachuu mannaa saree nyaatanii afaan ofii bishaaniin lulluuqqachuu wayya.

6. Arbeessuu / Ukukkubbee /hyperbole/: Mala dubbii ykn dubbii qolaa kana keessatti dhimma
irratti dubbatu tokko hamma ga’uun, olitti baay’ee gurra guddisu ykn amma ga’uun gaditti
xiqqeessanii aasa’uudhaan dhimmi dubbatamu sun xiyyeeffannoo akka argatu gochuudha.
“Hyperbole is one of the figurative speechs in which people maximize or over state some issue
or minimize the issue to emphasise on the idea and to gain ettention of audiences.”
FKN. Namni taa’u bookee rimaa arga.
- Gurri isaa buqqee yaa’u dhaga’a.
- Marabbaan jiraannaan manni mixii daboo ga’a.
- Haasaafi taphni isaa du’aa dubbachiisa.
- Qabeenya maatii ishee dhadhaa mucucaattee hanqaaquu irratti kufta.

7. Habalaka/Irony/: Habalakni faallaa haasa’uudha. Dubbii qolaa habalakaatiin yaad ibsuu


barbaanne tokko fala isaa dubbachuudhaan ibsina. Fkn, Nama baay’ee gaabaabbatuun birbisoo
jenna; Nama baay’ee gurraacha’uun faranjii jenna; nama soba jaallatuun abbaa dhugaa jenna.
Fakkeenya armaan gadiis ilaali! Ujuluu fi Meetiin hiriyyaa waliiti. Haa ta’u malee, namoonni
biroo Meetii hammeessanii waan Ujuluutti haasa’aniif Ujuluun baay’ee Meetiitti haaree ishee
balaaleffachaa jira. Ujuluufi Meetiin yeroo walargan Ujuluun Meetii oodee bira tare. “Maaliif ana
hindubbistu? Maaliif na oodda? Ana jibbite moo?” jette Meetiin. “Lakkii! si hinjibbine. Si
jaalladheen du’uuf jedha. Simalee nammi hinjiru hoo addunyaa kana irra. Siif maraachhuufani.”
jedhe Ujuluun baay’ee aaree utuu ijaan ishee arguu jibbuu. Ergaan isaa garuu faallaadha.
8. Eemiti/Miteyyee/Eeyyee-lakii /paradox/: Malli dubbi ykn dubbii qolaa miteyyeen yaadolee
lama: miti (lakkii) fi eeyyee of keessaa qaba. Yaadonni eeyyee jechuufis, miti jechuufis nama
rakkisan dubbii qolaa ykn mala dubbii kanaan ibsamu.
FKN- Guddaa salphaa/guddaa xinnaa/
- Beekaa wallaalaa/wallaalaa beekaa/
- Du’aa jiraa /jiraa du’aa /
- Sooressa deegaafi kkf
9. Fakkee/ Mallatummaa//symbolism/: “In a sense the word” symbol’’ is universal in the most
elementary sense of something stands for something else. But, here in literature terminology
the meaning has to narrowed to a particular or specifimeaning” Akka barreeffama A/Ingilizii
armaan olitti, mallatummaan hiika og-barruutiin gadifageenyaan kan wanta tokko
kallattiidhaan bakka bu’udha. Kanaaf, mallattummaan yaada tokko mallattoo wantootaatti
fakkeessanii ibsuudha. Fakkeenyaaf, mallattoon gugee nageenya bakka buuti.
 Wanjootu qoleerraa nu cabe.
 Ifa arganne. Kkf.

9 Qoph: Admasu Tolasa


CIIGOO AFAAN OROMOO /IDIOM/
Ciigoon afoola Oromoo keessaa tokko yoo ta’u barreeffama keessatis hojiirra oolaa jira. Ciigoon
bifa himaa ykn bifa walalootiin qindaa’uu danda’a. Ciigoon dubbii dacha ergaa lama (2 ): soorgoo
fi Sookkoo of keessaa qabudha.

A) Soorgoo: Ciigoo keessatti hiika ykn ergaa ifaa ykn kallattii kan dabarsudha. Guutummaa
yaada dhiyaatee irraa kallattiidhaan ifatti kan hubatamudha.
B) Sookkoo: ciigoo keessatti dubbii dachaa ykn sobbooqa irratti hundaa’uun dhoksaatti
ciigoo keessatti dubbii dachaa ykn sobbooqa irratti hundaa’uun dhoksaatti iccitiidhaan kan
darbudha. Yeroo baay’ee bo’oo walaloo ciigoo isa gara dhumaa irratti aramama.
 Sobbooqa /sabbooqoo /: sabbooqni ciigoo keessatti jecha ykn gaalee ergaa lama
qabatedha. kanaaf, soorgoo fi sookkoo beekuuf sabbooqoo ykn dubbii dacha add
baafachuun barbaachisaadha. Fakkeeynaaf, ciigoo armaan gadii keessaa sobbooqoo,
soorgoo fi sookkoo baasee jiru sirriitti xiinxali.

𝑢𝑓𝑓𝑎𝑛𝑛𝑖 𝑎𝑡𝑖 𝑏𝑖𝑡𝑡𝑒 𝑖𝑠𝑎 ℎ𝑜𝑗𝑗𝑎𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑢.


fkn, 1( )
𝐴𝑛𝑖 𝑘𝑎𝑛𝑎𝑛 𝑓𝑒𝑑ℎ𝑢 𝑖𝑠𝑎 𝑔𝑎𝑟𝑎𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑢

A) Sabbooqoon: Isa garaa qabu.


B) Soorgoon: Isa bal’aa; uffata bal’aa
C) Sookkoon: Isa onnee qabu/ Isa goota
′ ′
2. ( 𝐴𝑘𝑘𝑎𝑛 𝑡𝑎 𝑢 𝑡𝑎 𝑒𝑒𝑛 𝑠𝑒𝑒𝑟𝑎 𝑢𝑢𝑚𝑎𝑚𝑎𝑎 𝑐𝑎𝑏𝑠𝑒𝑒 )
𝐻𝑎𝑟𝑘𝑖 𝑛𝑎ℎ𝑖𝑑ℎ𝑎𝑚𝑛𝑎𝑎𝑛 𝑚𝑖𝑖𝑙𝑎𝑎𝑛𝑎𝑛 𝑏𝑎𝑟𝑟𝑒𝑒𝑠𝑠𝑒.
A) Sabbooqoon: Miilaanan barreesse
B) Soorgoon: Lukaanan barreesse
C) Sookoon: Reefuun amma mirga argadhee barreesse
Shaakala Ciigoo
Barattootaa! Ciigoo armaan gaditti isiniif qopheesse kana, sobbooqoo, soorgoofi Sookoo
baasuun shaakalaa.
1.
Yoo ilaalan jabaataa hin fakkaatu

Ilkaan waraabessaa lafee lafee nyaatu

A) Sabbooqni: _________________________________________
B) Soorgoon: _ __________________________________________
C) Sookoon : ________________________________________

3. Kan garaa guddatuuf coomni maal godhaafi?


Isa nyaata jaallatuuf arraba kennaafi.

A) Sabbooqni: _______________________________________

10 Qoph: Admasu Tolasa


OGWALALOO (POETRY)

Maalummaa Ogwalaloo

Ogwalaloon gosoota ogbarruu barreeffamaa keessaa isa tokko yoo ta’u, ogbarruu umurii dheeraa
qabaachuun beekamudha. Ogwalaloon barreeffamaa erga dhalli namaa barreeffamatti
gargaaramuun waliigaluu jalqabee kan eegale yoo ta’u, Afwalaloon garuu isaan durayyuu yeroo
dheeraadhaaf afaaniin himamaa ture. Umurii dheeraa qabaachuu isaa irraa kan ka’e ogwalaloon
hiika adda addaa akka qabaatu taasiseera. Innis, umurii dheeraa sana keessatti hayyuuleen gara
garaa ogwalaloo yeroo gara garaa barreeffaman haala yeroo sanaafi diree qorannoo isaaniin
walqabsiisuun hiika gara garaa ogwalaloof kennaniiru. Akkasumas, hayyuun Ogbarruu Hari Shaw
jedhamu yoo ibsu, Ogwalaloon qabiyyee, unkaafi kaayyoo adda addaa waan qabuuf hiika
namoonni marti irratti waliigalan tokko kennuufiin akka nama rakkisu ibsee jira.

Pilatoon (Dh.K.D, 427) nama walaloo qopheessuuf dandeettii kan kennuu Waaqadha, jedhee waan
amanuuf, namni waaqayyo dandeettii kana eebbisee hinkenniiniif walaloo barreessuuf dhama’uu
hinqabu jedha. Akka yaadasaatti, waloon waan hawaasa keessaa hubate qofa barreessa osoo
hintaane, waan waaqayyo itti mul’ise barreessa jedha.

Wiliyam Wardis immoo gama isheetiin, ogwalaloon irraa-gata miira ciminaan nutti dhagahamuu
tokkoo akka ta’e ibsiti. “Poetry is a spontaneous over flow powerful feelings.”

Elsabet Bishop gama isheetiin, ogwalaloon gosa ogbarruu wantoota kuma hedduu bakka tokkotti
fidudha jechuun keessi. Kunis kan nutti agarsiisu, ogwalaloon unkaadhaan gaggabaabaa
ta’uusaafi ergaa bal’aa qabaachuusaati.

Akka hayyuun ogbarruu S.T Colerige jedhamu ibsetti, ogwalaloon jechoota filatamoo tartiiba
mijaawaa ta’aniin kaa’uun isaa wanta adda isa godhu akka ta’e ibsa. “What makes poetry very
unique is that is used best words at their best order.) Ogwalaloon Og-barruu bara durii (classical
Literature) warreen jedhaman keessaa isa tokkodha.

Yaadiddamoota Maalummaa Ogwalaloo Irratti Jiran

Ogwalaloo ilaalchisuun keektonni adda addaa yaadiddamoota kennaniiru. Isaanis warreen armaan
gadiiti.

1. Yaadiddama Akkeessa (Mimetic Theory)

Yaadiddama Akkeessaa ogwalaloon yaada waloon walaloo isaa keessatti calaqqisiisuufi walaloon
namaan qindaa’ee kan namaaf dhiyaatudha jedhu. Yaadiddessitoota kana keessaa tokko kan ta’e
Sooqiraaxes “Ogwalaloon akkessaa addunyaa kanaa kan daawwittiinsaa asiifi achi
gaggaragalchuun addunyaa kana nuuf calaqqisuudha,” jechuun ibsa. Pilaatonis gama isaatiin

11 Qoph: Admasu Tolasa


“qaamolee miiraa keenyaan addunyaa dhugaa hubachuu ykn bira gahuu hindandeenyu;
ogwalaloonis akkeessa addunyaa dhugaa irraa tarkaanfii sadii fagaata,” jedha. Pilaaton itti
dabalees, “ogwalaloon kan ogummaafi beekumsa barbaachisu osoo hintaane, kan waloon
kaka’umsa fedhii qabuun yommuu yaadni sammuusaa guute qindeesudha,” jedha. Plaaton
dandeettiin ogwalaloo waaqa biraa waloof kennama jedhee waan amanuuf akka yaadasaatti kennaa
waaqaa malee ogwalaloo barachuufi barreessuuf yaaluun hinbarbaachisu ture.

2. Yaadiddama Fiixa Baasaa (Pragmatic Theory)

Yaadiddama Fiixa Baasaa ilaalchisuun Aristootil “ogwalaloon fedhii ilmi namaa uumamumaan
addunyaa kana akkeessuudhaan qalbii dubbistootaa ykn qalbii dhaggeeffatootaa bashannansiisuu,
barsiisuufi kakaasuun booji’udha,” jedha.

3. Yaadiddama Ibsaa (Expressive Theory)

Yaadiddamni Ibsaa ibsa “ka’umsi qabiyyee walaloo waloo mataasaati,” jedha. Akka yaadiddama
ibsaa kanaatti, wanti nuti ogwalaloo keessaan agarru addunyaa dhugaa kana osoo hintaane,
akkaataa sammuun waloo addunyaa kana hubatee calaqqisiisuunidha. Itti dabalees, “waloon akka
addunyaa kana hubatee baasee calaqqisiisuuf immoo kennaa, ogummaafi dandeettii jechootaan
ofibsuu qabaachuu qaba,” jedha.

4. Yaadiddama Ofdanfa’aa

Akka hayyoonni yaadiddama ofdanda’aa ibsanitti, waloon addunyaa ofdanda’aa adda ta’e, kan
addunyaa waaqni uume kana irraa adda ta’e, ofii uumee argaa yaadaatiin kan nutti
agarsiisudha,” jedhu. Akka yaadiddama kanaatti “waloo ofdanda’aan nama fageessee yaaduufi
nama waa yaadaan uumee dhiyeessuu danda’u ta’uu qaba,” jedhu.

Amaloota Walaloo

Ogwalaloon amaloota adda addaa qaba. Amaloonni kunneenis:

A) Walqixxummaa

Ogwalaloon tokko walqixxummaa qaba yommuu jennu, sararoonni tuuta walaloo (bo’oo walaloo)
keessa jiran walqixa dheeratu jechuudha. Kana jechuun, walaloo toora tokkoffaa dubbisuuf yeroon
nutti fudhatuufi walaloo toora ittaanu dubbisuuf yeroon nutti fudhatu walqitadha jechuudha.
Walqixxuummaan kun kan mul’atu sararoota toora walaloo gidduutti qofa osoo hintaane
gaaleewwan toora walaloo tokko keessatti argaman gidduuttis nimul’ata.

Walqixxumaa walaloo karaalee lamaan mirkaneeffachuun nidanda’ama. Isaanis:

12 Qoph: Admasu Tolasa


A) Miira Keenyaatti Gargaaramuudhaan

Miirri keenya Walaloon tokko walqixa ta’uufi ta’uu dhiisuu isaa nutti himuu danda’a. Sababiinsaa,
walaloon tokko yoo walqixxummaa hinqabaanne: dubbisuuf nama rakkisa; dhageettii gurraatti
hintolu; miira namaa hinarkisu; mija’inas hinqabu.

B) Birsaga sarara walaloo keessa jiran lakkaa’uun

Tooftaan walqixxumaa walaloo ittiin mirkaneeffachuun danda’amu inni lammaffaan ammoo


birsaga jechoota sarara walaloo tokko keessa jiran lakkaa’uun ta’a. Akkaataa kanaan baay’inni
birsagoota sararoota gara garaa keessa jiran yoo walqixa ta’an, walaloon tokko walqixxummaa
qaba.

Fkn. Saree Manaa

Siiksanii na waamu / hidhii qaratanii =6/6


Qabi qabi jedhu / ofii dhaabatanii =6/6
Kottuu bahi jedhu / ulee fudhatanii =6/6
Mana eegi jedhu / cancalaan hidhanii =6/6
Harcaatuu buddeenaa / na jala buusanii =6/6
Arrabsoo hundumaa / anarra tuulanii =6/6

C) Unata Walaloo (Rhyme)

Unata kan jennu jechoonni walakkaa bo’oo walaloofi xumura bo’oo walaloo irratti argaman kan
bo’oo ittanuu waliin sagaleen walfakkaataniin yommuu xumuramanidha. Unatni walaloo
walqixxumaa walaloo waliin walitti hidhatee waan jiruuf, walaloon tokko akka unata qabaatuuf
haalli dursee mijaa’uufii qabu walqixxummaa qabaachuudha. Kanas fakkeenya walaloo saree
irratti barreeffame armaan gadii kana irraa madaaluun nidanda’ama.

Fkn. Saree Manaa

Siiksanii na waamu / hidhii qaratanii =6/6


Qabi qabi jedhu / ofii dhaabatanii =6/6
Kottuu bahi jedhu / ulee fudhatanii =6/6
Mana eegi jedhu / cancalaan hidhanii =6/6
Harcaatuu buddeenaa / na jala buusanii =6/6
Arrabsoo hundumaa / anarra tuulanii =6/6

D) Filannoo Jechootaa (Dictions)

Ogwalaloo wanti adda taasisu inni tokko jechoota filatamoo (special words/ dictions)tti baay’inaan
gargaaramuu isaati. Ogwalaloon jecoota filatamoo muraasaan yaadota baay’ee bal’aa ta’an bakka
buusuun ibsa. Fkn.

13 Qoph: Admasu Tolasa


Hindaganne hundasaa argeera roorrisasaa
Eessumni koo qeerransa abbaan koo leenca korma
Hinna’u bookkisasaa eenyut bahee na morma?

Akkasumas, ogwalaloon jechoota filatamootti gargaaramuudhaan sammuu dubbistootaa ykn


dhageeffattootaa keessatti suuraa, fakkii ykn maappii wantootaa kaasuun addeesa. Fkn.

Gemmoo addaan saaqee ibidda barbaachuu


Cilaattii dibachaa tamboo qabsiifachuu
Ciinca’uu waraqaa gubachuu kafanaa
Bu’aan tamboo xuuxuu tokko isa kana
Dhiiga koo xureessee foolii koo ajeessee
Hidhii koo nagubee foon waaddii fakkeessee
Boqqolloo waadama ilkaan koo fakkeese
Qufaan na hinteessisu midhaan na hinyaachisu
Hari’ee hinqabu fiigees hinqaqqabu
Uggum lama dhabuu!

Akkuma walaloo armaan olii kana irraa mul’atu, jechoonni walaloo kana keessatti
gurraacheffamanii barreeffaman argaa yaadaatiin fakkii sammuu dubbistootaa ykn
dhaggeeffatootaa keessatti kaasuuf tajaajilu.

E) Yeedalloo Qabaachuu

Yeedalloon sagalee miidhagaa walaloo keessaa dhaga’amudha. Akkaataan walaloon itti


dubbifamu akkaataa barreeffamoonni hololoo itti dubbifaman irraa adda. Walaloon haala miira
namaa harkisuun sagalee miidhagaa nama mararuun dubbifama. Miira ilmaan namaatti baay’ee
waan dhiyaatuuf onnee dubbistootaa ykn dhaggeeffatootaa kakaasuu danda’a. Walaloon bifa
miidhagaafi ofitti nama hawwatuun akka dhiyaatuuf jechoonni filatamoon dhaamsaafi yeedalloo
akka uumanitti waan qophaa’aniif seerluga afaanii sirriitti eeguu dhiisuu danda’a. Miidhagina
walaloo eeguuf jecha seerluga cabsuun kun immoo warreen mirga waloo jedhaman keessaa isa
tokkodha. Kanaaf, walaloon tokko yeedalloo qabaachuuf walqixxummaafi unata, akkasumas,
filannoo jechootaa yeedalloof mijatan qabaachuu qaba.

---------------------------------------------------------------------------------------------------------------------

14 Qoph: Admasu Tolasa


OGBARRUU BARREEFFAMAA (WRITTEN LITERATURE)
Akka waliigalaatti og-barruun ogummaa umurii dheeraa qabu yoo ta’e iyyuu, Og- barruun
barreeffamaa garuu umurii falaasama barreeffamaatiin booda barreeffama kalqaatiin hojiirra ooluu
eegale. Kanaaf, Og-barruun barreeffama hojiiwwan kalqaa kanneen barreeffamaan hojiirra oolan
warreen akka: Asoosamaa (Fiction), Do’ii (Diraamaa) fi Og-walaloo (poetry) ofjalatti hammata.
Gosoonni og-barruuu barreeffama armaan olii kunis karaalee og-barruun barreeffamaa ittiin
kalqamee qophaa’uufi hojiirra ooludha.

ASOOSAMA /FICTION/
Assoosamni sanyiiwwan Og-barruu kanneen barreeffamaa keessaa isa tokko yommuu ta’u, kalqa
sammuu asoosaatiin uumamee, addunyaa haqaa fakkeeffamee miidhaginaan qindaa’ee kan
barreeffamudha. Qophii koo kana keessatti barattoota koo hanga tokko gargaaruuf kitaabilee wabii
adda addaa irraa walitti cuunfuun dhimmoota warreen akka: maalummaa asoosamaa, gosoota
asoosamaa, caacculee/ruuqolee asoosamaafi tooftaalee asoosamaa barreessuu bal’inaan eereen
jira.

Asoosamni maali? (what is fiction?)

Erga asoosamni dheeraan jaarraa 19ffaa keessa hojiirra oolee eegalanii hayyoonni og-barruu waa’ee
maalummaa asoosamaa hiika adda addaa kennaa turaniiru. Hiikni isaan kennanis gosa asoosamaa
qoratanii, yaada ofii ibsuu barbaadaniifi amala, kaayyoofi kallattii dirree qorannaa isaanii irratti
waan hundaa’aniif adda addummaa qabaachuu danda’eera. Haa ta’u malee, yaada hayyuuleen
ogbarruu eeran walitti cuunfuun waa’ee maalummaa asoosamaa yaadolee armaan gadii akka ijootti
isiniif eeruun yaala.

“The word fiction comes from the Latin word fictum, which means "created". This is a good
way to remember what fiction is: if it has been created or made up by somebody, it is fiction.
A fiction is a deliberately fabricated account of something. It can also be a literary work based on
imagination rather than on fact, like a novel or short story”.
https://www.merriam-webster.com › dictionary › fiction

*Yoos asoosamni maaliree? Assoosamni gosa og-barruu barreeffama holoo dandeettii kalqa
sammuu asoosaatiin kalqamee, gochaalee addunyaa haqaa keessatti namootaan raawwataman ykn
raawwatamuu danda’an akka fakkaatutti uumamee kan barreeffamudha. Asoosamni suuraa
jireenyaa ykn muuxannoo hawaasaa kan namatti agarsiisudha. Kanaan walqabatees, aadaa, haqaafi
afaan hawaasaa bara asoosaan kitaabicha barreesse sun keessa jirattuu kan keessatti mul’atudha.

Gosoota Asoosamaa
Hayyuuleen og-barruu adda addaa akkuma eeran, asoosama bakka gurguddaa 2(lamatti) qoodnee
ilaalla. Isaanis: Asoosama dheeraa (Novel)fi Asoosama Gabaabaa (Short story)dha.

15 Qoph: Admasu Tolasa


A) Asoosama Dheeraa (Novel)
Asoosamni dheeraan gosa ogbarruu hammayaa ta’ee, seenessama dheeraa dandeettii kalqa
sammuu asoosatiin kalqamee bifa barreeffama hololootiin kan qophaa’udha. Asoosamni dheeraan
seenaa nam fakkii wwanii guyyaa dhalootaa irraa eegalee hanga guyyaa du’aatti kan agarsiisu
ta’uu danda’a. Qabiyyeen isaas hanga barreessichi jedhe balachuufi dheerachuu danda’a.
Asoosamni dheeraan caacculee/ruuqolee asoosamaa hunda hammatee bal’inaan qophaa’a.

B) Asoosama Gabaabaa (Short Story)


Asoosamni gabaabaan akkuma maqaasaa irraa hubatamu, wantoota hundaan gabaabinaafi
dhiphina kan qabu ta’ee, addunyaa ykn seenaa dhugaa fakkeeffamee bifa barreeffama hololootiin
kan qophaa’udha. Qabiyyeefi caacculeen/ruuqoleen asoosama dheeraa asoosama gabaabaa
keessatti gabaabaata’aniifi dhiphatanii argamu. Gabaabina isaatiin walqabatee asoosamni
gabaabaan amaloota kanneen akka: ergaa baaqqee ykn ka’umsa tokko qofa qabaachuu,
udumamuu, saffisummaafi guduunfamuudha. Kana jechuun, asoosamni gabaabaan ka’umsa
tokkoon ergaa baaqqee ta’e qabatee ibsa osoo hinbaay’isiin yaadota ijoo qofa irratti
xiyyeeffachuun walitti udumamee ykn ukkaamamee yaadota muraasaan daddafee saffisaan gara
yaada xumuraatti deemuun gabaabaatti xumurama.

C) Walfakkeenyaafi Garaagarummaa Asoosamaa Dheeraa fi Asoosama Gabaabaa


Asoosamni dheeraafi gabaabaan amaloota ittiin wal fakkaataniifi adda ta’an qabu.
 Walfakkeenya Asoosama Dheeraafi Gabaabaa
Lammanuu hojii kalqaa addunyaa haqaa fakkeessanii suura jireenya hawaasaa mul’isanidha.
Argaa Yaadaatiin barreeffamu Caacculee ykn Ruuqolee gosa wal fakkaatu of keessatti hammatu.
Malawwan wal fakkaatan kanneen akka: addeessuu, Duub-mil’uu, egeree himuu, waliin dubbiifi
ofiin haasaa jedhamanitti gargaaramuun seeneffamu.
 Garaagarummaa Asoosama Dheeraa fi Gabaabaa
Kan jalqaba hojii irra oole asoosama dheeraadha. Kana jechuun, lammanuu akka og-barruu
hammayyaattii jaarraa 19ffaa keessa kan hojiirra oolan yoo ta’anillee, asoosamni dheeraan bara
1830 keessa kan hojiirra oole yoo ta’u, asoosamni gabaabaan garuu bara 1842 booda hojiirra oole.
Garaagarummaan isaanii kan biraan, garaagarummaa dheerinaafi gabaabina yoo taa’u,
garaagarummaan kun immoo garaagarummaa faayidaa ykn gama tajaajila isaan kennanii uumuu
danda’a. Innis, asoosamni dheeraaan bal’aa waan ta’eef seenaa jiruufi jireenya dhala namaa
bal’inaan kan ibsu yoo ta’u, asoosamni gabaabaan garuu bal’inaan hinibsu.

Gama birootiin immoo, asoosamni dheeraan yaadolee xixiqqaa hedduu irratti yommuu xiyyeeffatu
asoosamni gabaabaan garuu yaada ijoo ta’e tokko qofa irratti xiyyeeffachuun dafee gabaabinaan
xumurama. Asoosami gabaabaan hudumamadha. Asoosamni dheeraan garuu babal’atee ibsamuun
dhiyaata.

16 Qoph: Admasu Tolasa


3. CAACCUULEE//RUUQOLEE ASOOSAMAA (ELEMENTS OF FICTION)

3.1. Seenaa /History/: Asoosama keessatti ta’iinsoota wal duraa-duubaan dhiyaatudha. Seenaan
asoosama tokkoo gammachiisaa ykn gaddisiisaa ta’uu dandaa’a. Seenaan asoosamaa seenaa nama
dhugaa qabatamaan raawwatamee jiru namatti fakkaata. Nama asoosama dubbisu tokko akka
dammaqinaan dubbisu kan isa harkisu seenaa /history/ asoosamicha keessaati. Fkn. Asoosama
“Godaannisa” jedhu keessatti seenaa Abdiisaafi seenaa Taliilee bal’inaan hubanna. Innis seenaa
dhugaa namatti fakkaachuun qalbii namaa harkisa.

3.2. Jaargochota/Sabseenaa/ (Plot): Jaargocha jechuun ijaarsa ykn ijaarama gochaa yommuu
ta’u, sab-seenaa jechuun immoo sababa seenaan asoosamichaa ittiin walijaaru jechuudha.
Jaargochi ykn ijaarsi gochaa asoosama gochoota Sababaafi bu’aa (cause and effect) qabaniin
walitti hidhamee walitti rarra’ee deema. Jaargocha uumuuf ta’insi tokko ta’insa biroo, gochi gocha,
seenaan seenaa dhalaa ykn dabalaa deema. Sababaafi bu’aan jaargocha (plot) asoosamaatiif
baay’ee barbaachisaadha. Seenaa asoosamichaa keessatti gochi tokko gocha biroof sababa waan
ta’uuf gochi sababaafi bu’aa dhaan wal ijaaraa deema.

Asoosama “Godaannisa” jedhu keessatti Abdiisaan gaaffii jaalalaa Waynisheetiin yeroo gaafate
isheen “Jaallachuufis, jaallatamuufis yeroo hin qabu,” jechuun deebifteef. Yeroo dheeraa booddee
yommuu wayinisheet deebitee gaaffii jaalalaa isa gaafattu innis dabaree isaa ishee dide. Maaliif
dide? Sababa isheen dura isa diddeef. (sababaafi bu’aa qaba).

Walumaagalatti, jaargochi (plot) cancala ykn sansalata gochoota hojii asoosa tokko keessatti wal
ijaaraniiti. Asoosama tokko keessatti gaaffii “Maaliif?” jedhuuf jargochaan deebii argachaa
deemna. Kun immoo sababaaafi bu’aa agarsiisa. Sababaafi bu’aa seenaa irraa immoo jaargocha
ykn ijaarama gochoota asoosamichaa hubachaa deemna. Kanaaf, jaargochi wal hidhiinsa sababaafi
bu’aa seenaa asoosama tokkooti. Jargochi caasaalee warreen akka: Saaxila(Exposition), Tuqata
(Initiation), Finiinsa(Rising), Bantimiira(Climax), Sigigoo (Falling action) fi
furmaata(solution) qaba. Erga furmaata irra gahmees rakkoo biraatu dhalata. Rakkoon dhalates
olka’aa deema.

3.3. Waldiddaa/Walitti Bu’insa (Confilict)


Waldiddaan gosa ogbarruu hunda keessatti iddoo guddaa qaba. Namni qaamolee adda addaa
kanneen akka: uumaa, uumamaa, nama biroo, aadaa, safuu, dudhaa, mataasaa ykn ofiisaafi k.k f.
waliin wallolaa, walfalmaa, walqocholaa, waladamsaa, walhinaafaa, walitti malaa jiraata. Kanaaf,
asoosamnis haala kanaan waldiddaa gossoota adda addaarraa yeroo ijaaramu seenaan
asoosamichaa bal’achaafi qalbii namaa hataa deema.

17 Qoph: Admasu Tolasa


Asoosama keessatti nam-fakkiiwwan nilolu, nilolamu, nifalmu, ofirraa fincilu, kiyyoo keessa
walgalchuuf yaala. Waldiddaan xiqqoon erga uumamtee dubbiin dubbii biroo fidee, jette jetteen
walitti bu’insa bal’isee, fincilli fincila biroo kaasee waldiddaan bal’achaafi walxaxaa
deemuudhaan seenaa asoosamichaa bal’isaa deema. Asoosama keessatti maaliifi maaltu wallola
ykn waldiddaa ykn walfalmaa ykn walitti bu’a? Kana gosoota waldiddaa ittaanu irraa haahubannu.

Gosoota Waldiddaa (Kinds of Conflict)

A) Waldiddaa Namfakkiifi Namfakkii (Qooddattoota Masaanuu Gidduutti)


Asoosama keessatti nam-fakkiiwwan akka namaatti seenaan isaanii seeneffamu gidduutti
waldiddaan waan uumamuuf walitti bu’u. Walitti bu’insi kun garaagarummaa ilaalchaa, amantaa,
kaayyoo, ejjennoofi eenyummaa namfakkoonni qaban irraa madda.

B) Waldiddaa Mataa Ykn Sammuu Ofii Waliinii (Personal Conflict)


Asoosama keessatti nam fakkiin tokko ofiisaa ykn sammuusaa waliin walfalmuu, waldiduu
nidanda’a. Sammuun isaa walfalma; ofjibba; ofabaara; ofarrabsa; ofitti gadda; ofceepha’a; ofitti
dheekkama; of doorsisa.
C) Waldiddaa Aadaa (Cultural conflict)
Asoosama keessatti Wantoonniifi akkaataan haaraan ykn hinbaramne nam fakkiiwwan fudhatanii
ka’an tokko tokko akkaataa fi haala aadaa hawaasichaatiin walsimuu dhiisuun wanta aadaan nama
irraa eegu waliin waldiddaan uumamuu danda’a. Hawaasnis wanta durii sana qabatee
dhaabbachuun wanta haaraa dhufee aadaa danqe sana mormee balaaleffachuun jibbiinsa isaa
mul’isa. Nama aadaa isaa dagate ittiin qeequuf fayyada.

D) Waldiddaa Safuu (Ethical Conlict)


Asoosama keessatti gama safuu hawaasaatiin kufaatii kabajaa (value), hamilee (moral crises)fi
cabinsa safuu hawaasicha keessatti mul’achuu danda’u nama ykn namfakkii asoosamichaa irratti
mul’achuudhaan kabaji(value), hamilee (moral)fi safuu (ethics) gaarii duraan inni beeku waliin
walitti bu’uun waldiddaan uumama. Kunis miseensa hawaasaa safuu hawaasichaa cabse tokko
ittiin qeequuf yaadamee asoosama keessatti kalqama.

E) Waldiddaa Uumama Waliinii (Conflict With Natures)


Asoosama keessatti namfakkiin akka uumama naannoo isaa waliin waldhabu ykn walitti bu’u
taasifamee kalqamuu danda’a. Namfakkiin uumama waliin wal’aansoo walqaba; ofirraa faccisuufi
baqacuuf tattaaffii godhu keessatti kiyyoo baay’ee keessa seenee keessaa ba’uuf fala barbaada.
Haala kanaan walitti bu’inis uumamu waldiddaa namfakkiifi uumama gidduuti.

Walumaa galatti, waldiddaa ilaalchisee wantoonni hubatamuu qaban: Wantoonni waldidan ykn
wal’aansoo walqaban sun Walgituu ykn walmadaaluu qabu, amanamummaa (qabatamummaa)

18 Qoph: Admasu Tolasa


qabaachuu qaba, nam fakkiiwwan waldidan sun haala walisaan dhabsiisuu ykn haala walisaan
dichisiisuu keessatti argamuu qabu. Fakkeenyaaf, dhimaa walitti dhufeenya jaalalaa.

3.4. Ergaa Ijoo/ Dhaamsa (Theme)


Asoosamni tokko yommuu qophaa’u ergaa ijoo ykn dhaamsa akka dabarsuuf kaayyeffatame qaba.
Kanaaf, ergaan ijoo asoosamaa dhaamsa dimshaashaa ykn ijoo akka waliigalaatti asoosamichaan
darbudha. Asoosamnis ergaa ijoo dabarsuuf kaayyeffate irratti hundaa’uun seenaa,
namfakkiiwwan, waldiddaafi jargocha (plot) adda addaa kalquun asoosamicha keessan ergaa
bu’uuraa kaayyeffate sana dabarfachuuf carraaqa.

“The general theme of afiction may not be exactly what is written in the fiction. As I think, it
could be even more than or more abstruct than what is practically described in the written form.
The written fiction history could be the shadow of the general theme of the fiction” (Melakneh
Mengistu)

Asoosamna tokko keessa ergaa ijoofi ergaalee xixiqqootu jiru. Ergaa ykn dhaamsi xixiqqoon
waldiddaa asoosamichaa adda addaa keessatti argamu. Dhaamsi ykn ergaaleen xixiqqoon
waldiddaa adda addaa keessatti argaman wal ta’anii ergaa ykn dhaamsa ijoo waan dabarsaniif,
ergaalee xixiqqoo irraa ka’uudhaan dhaamsa ykn ergaa ijoo asoosama tokko tilmaamuun
danda’ama.

3.5. Namfakkiiwwan/Qooddattoota (Characters)


Nam-fakkiiwwan / qooddattoonni kanneen nama dhugaa qabatamaa hinta’in dandeettii kalqaa
sammuu asoosamaatiin kalqamanii seenaa asoosama tokkoo keessatti qooda fudhachuun akka
nama dhugaa qabatamaatti fakkaatanii mul’atanidha. Nama addunyaa asoosamaati, garuu
asoosaan akka isaan namoota addunyaa dhugaa qabatamaa bakka bu’uu danda’anitti itti yaadee
waan isaan kalqaeef seenaan, amalli, gochi, maqaaniifi eenyummaan isaanii addunya dhugaa
calaqqisiisaa ykn addunya qabatamaa bakka bu’a. Kanaaf, ogummaa kalqaa asoosama barreessuu
keessatti asoosaan ykn barreessaan asoosamaa namfakkiiwwan seenaa asoosamicha keessatti akka
qooda fudhataniif uumu hunda namoota addunyaa dhugaatiin sirriitti walfakkeessuu qaba.

3.5.1 Gosoota Namfakkiiwwanii


Hayyoonni og-barruu akkaataa namfakkiiwwan itti uumaman, gahee isaan seenaa
asoosamichaa keessatti qaban, gocha, amalaafi jiruufi jireenya isaanii irratti hundaa’uun
namfakkiiwwan asoosama keessatti argaman bakka adda addaatti qoodu. Haaluma kanaan, anis
amma naaf danda’ameti yaada kitaaba Ogeessa Og-barruu Zerihuun Asfawu (2002)
Wabeeffachuudhaan namfakkiiwwan karaalee lama gargaaramuun bakkewwan garagaraatti
qooduu dandeenya. Jalqaba, haala turtii seenaa asoosama tokkoo keessa turaniin namfakkiiwwan:

19 Qoph: Admasu Tolasa


Namfakkii Guddaa/kootama (major character) fi Namfakkii xiqqaa (minor character) jedhamaniis
bakka lamatti qoodamu.

A) Namfakkiin Guddaan/Kootamni (Major Character)


Namfakkiin guddaan/kootamni (major character) seenaa asoosama tokko keessatti kan yeroo
dheeraaf bal’inaan qooda fudhatuufi seenaan asoosamichaa irra caalaa kan isa ilaallatudha.

B) Namfakkii Xiqqaa (Minor Character)


Namfakkiin xiqqaan (minor character) garuu seenaa asoosamichaa keessatti turtii ykn umurii
dheeraa waan hinqabneef yeroo murtaawaa qofaaf mul’atanii badu. Seenaan asoosamichaa garuu
irra caalaa namfakkii gurguddaatti rarra’ee itti fufa.

Kana malees, karaa biraatiin amala namfakkiiwwan seenaa asoosamaa keessatti calaqqisiisan irraa
ka’uudhaan namfakkiiwwan bakka gurguddaa 2(lamatti) qoodnee akka ittaanutti xiinxaluu
dandeenya. Isaanisa: Namfakkii Marsaa (Round character) fi Namfakkii Raatuu (flat character)
dha. (Zerihun, 2002)

C) Namfakkii Marsaa (Round character)


Akka Zerihun Asfawu (1992) eeranitti, namfakkii marsan (round character) amaloota armaan
gadiitiin beekama ykn hubatama. Jireenyi namfakkii marsaa amala walxaxaa, bu’aa-bay’ii
walxaxaa, rakkinni hedduun kan isa mudatu, mala adda addaa hedduu kan calaqqisiisu,
seenaa asoosamichaa walxaxaa keessa yeroo dheeraa kan turuufi maalummaa isaa akka
salphaatti hubachuun kan hindanda’amnedha. Namfakkii marsaan kan eenyummaa, amala,
ejjennoo, hawwii, ilaalcha, fedhii isaa baruuf baay’ee rakkisaa ta’eefi hubachuuf seenaa
asoosamichaa baay’ee xiinxaluu nama gaafatudha.

Namfakkii marsaan seenaa asoosama tokkoo keessatti yeroo dheeraaf kanturu dhamalee, yeroo
muraasaaf mul’atee kan badu miti. Asoosama tokko keessatti seenaan irra caalaanisaa waa’ee nam-
fakkii maraasaati. Kanaaf, namfakkii guddaa ykn Namfakkii kootama jedhamees niwaamama. Haa
ta’u malee, namfakkiin kootamni ykn guddaan kamiyyuu namfakkii marsaa ta’a jechuu miti.

Namfakkii marsaafi Namfakkii guddaa ykn kootamni yeroo hunda walgituu dhiisuu ykn tokko
ta’uu dhiisuu danda’u. Namfakkiin marsaan yeroo hunda namfakkii isa guddaa (major character)
ta’uu kan danda’u yommuu ta’u, namfakkiin guddaan ykn kootamni (major character) garuu yeroo
hunda namfakkii marsaa (round charcter) ta’uu ykn gituu dhiisuu danda’a. sababiin isaa,
namfakkiin guddaan ykn kootamni (majorcharacter) seenaa asoosama tokkoo keessatti kutaalee
hedduu keessatti argamee yeroo dheeraaf yoo tureyyuu akkaataa uumamsa isaatiin garuu
namfakkii raatuu (flat) kan akka salphaatti hubatamu ta’uu dandaa.

20 Qoph: Admasu Tolasa


D) Namfakkii Raatuu (Flat Character)
Akka hayyuun Og-barruu Zerihuun Asfawu (1992:172) eeranitti, namfakkii raatuun seenaafi
mudannoon isaa walxaxaa waan hintaaneef battalumatti amalliifi eenyummaan isaanii baramuu
danda’a. Yeroo baay’ee amalaafi gochoota muraasaan waan mul’ataniif eenyummaafi amala
isaanii baruuf baay’ee sammuu namaa hinmuddan. Waa’een namfakkii kanaa ifaadha. Namfakkii
marsaa (round character) ykn namfakkii guddaa/kootama (major character) dabaaluuf ykn
tumsuufi seenaa asoosamichaa gabbisuuf keessa seenu.

3.6. Ija (point of view)


Seenaan asoosama tokkoo dubbistootaaf kan seenessu ykn kan himu seenessaa (narrator)
jedhama. Seenessaan yommuu asoosamicha seenessu kallattii ilaalcha ykn ija ittiin seenessu qaba.
Iji ykn ilaalchi seesessaa kun akka nama seenaa asoosamichaa keessatti hirmaatetti ta’uu danda’a.
Yookiin immoo akka nama seenaa asoosamichaa keessaa qooda hin qabnee, garuu qarqara ykn
fuullee dhaabbatee seenessuu ta’uu danda’a. Iji nama seenaa asoosamichaa keessatti qooda
fudhatee waa’ee mataasaa itti dabalee bal’inaan kan seenessu yommuu ta’u, Iji nama seenaa
asoosamichaatiin ala dhaabatee seenessuu garuu ala dhaabatee wanta argeefi wanta dhaga’e,
akkasumas, wanta beeku hunda seenessa. Kanaaf, iji (point of view) asoosama keessatti kallattii
ilaalcha seenessaan asoosamicha ittiin seenessedha.

Kallattii ilaalcha seenessitootaa, hariiroo isaan seenaa asoosamichaa wajjin qaban akkasumas,
beekumsaafi hubannoo isaan seenaa asoosamichaa irratti qaban irratti hundoofnee Ija (point of
view) bakka adda addaatti qoodna. Isaanis:
1. Ija nama waa hunda beekuu (Omnissent)
2. Ija nama waahunda beeku murtaawaa (Llimited Omnissent)
3. Ija nama Ramaddii (gulantaa) tokkoffaa (First person point of view)
4. Ija akka diraamaa (Dramatic point of view)

Gosoota Ijaa Asoosama Seenessuu


i. Ija Nama Waa Hunda Beekuu (Omnissent Point Of View)
Gosti ijaa kun ramaddii 3ffaa tiin seeneffama. Fakkeenyaaf, “Inni akkana godhe ykn ta’e; Isheen
akkana goote ykn taate; Isaan akkana godhan ykn ta’an,” jechuudhaan seenaa asoosamichaatiin
ala taa’ee waa’ee nama biroo akka nama wanta hunda argee ykn dhaga’ee sirriitti beekuutti
seenessa. Seenaa asoosamichaa keessatti wanta darbe, wanta amma ta’aa jiruufi carraa gara
fuulduraatti namfakkiiwwan mudatuufi hiree isaanii borii akka nama waahunda beekuutti tokko
tokkoon seenessa. Kitaabni asoosamaa dheeraa “GURRAACHA ABBAYAA” jedhu, Dhaabaa
Wayyeessaatiin qophaa’e gosa ija kanaatiif fakkeenya gaarii ta’a. Gosti Ijaa kun hanqinaafi cimina
mataasaa qaba.

21 Qoph: Admasu Tolasa


ii. Ija Nama Waa Hunda Beekuu Murtaawaa (Limited Omnissent Poin Of View)
Gosti ija kanaas ija nama ramaddii 3ffaati. Haa ta’u malee, beekumsiifi hubannoon inni seenaa
asoosamichaa irratti qabu muraasa ykn baay’ee murtaawaa (daangeffamaa)dha. Wantoota muraasa
qofas beeka. Irra caalaa seenaa asoosamichaa keessatti waa’ee Namfakkii guddaa (major
character) qofa irratti xiyyeeffachuun seenessa. Gosti ija kanaas hanqinaafi cimina mataasaa
niqaba.
iii. Ija Nama Ramaddii 1ffaa(First 1st Person Point Of View )
Gosoota ijaa ykn kallattii seenaan asoosamichaa ittiin seeneffamu keessaa inni tokko ija
ramaddii 1ffaa (First person narrator or point of view) jedhamu kanadha. Gosti ijaa kun kallattii
ilaalcha nama ramaddii 1ffaatiin waan seenessuuf “Ani, Nuti, ana ykn nuun” jechuudhaan waa’ee
mataa ofiisaa irraa ka’ee akka abbaa seenaa ykn akka nama seenaa asoosamicha keessa jiruutti
(hirmaatetti) seenessa. Kitaabni asoosamaa dheeraa “GODAANNISA” jedhu, bara 1992 Dhaabaa
Wayyeessaatiin qophaa’e gosa ija kanaatiif fakkeenya gaarii ta’a. Gosti ijaa kunis hanqinaafi
cimina mataasaa niqaba.

iv. Ija Akka Diraamaa (Dramatic Point of View)


Gosa ija kanaa keessatti eenyummaa, yaadaafi fedhii, akkasumas, gocha namfakkiiwwan
seenaa asoosamichaa keessatti raawwatan seenessaatu dubbistootaaf seenessa osoo hin taane,
dubbistootaatu gocha namfakkiiwwan dalagan akka diraamaatti daawwachuun odeeffannoo
argachaa dubbisu. Fakkeenyaaf, mee asoosama armaan gadii dubbisi. Waliin dubbii isaanii akka
diraamaa daawwadhu.

Fkn. “Haloo! Ati Asfawuu?”


“Eeyyeen gooftaakoo! Maal ajajamu?”
“Jaalle Asfaawu amma kan ani siif
Bilbileef, Waldaan Dargaggoo waradaa Kanaa hanga amma biiroo akka hin qabne
nibeekta. Kanaaf rakkoo ta’ee kan ture horii biiroo ittiin ijaaraman ture.Hamma garuu
horii argachaa waan jiruuf iddoo biiroo Kun itti ijaaramu kan yaadne lafa cina daandii
jiru sana waan ta’ee eenyuufuu akka hin laanne.”
“Gooftaa koo, innoo dur namaaf kenname.”
“ yoo wanta ani sitti himu ni dhageessa taate lafa sana eenyuufuu akka hinlaanne of
eeggadhu.” (Kuusaa Gadoo 90-91)

3.7. Yoomessa /Setting /


Caacculee/ ruuqolee asoosamaa keessaa tokko immoo yoomessa (setting) dha. Jechi “yoomessa”
jedhu jecha tishoo jechoota “yoomiifi eessa’’ jedhan irraa kan ijaarame yommuu ta’u, yeroofi
bakka ykn iddoo seenaa asoosama tokkoo irratti kan xiyeeffatudha. Innis, bakkaafi yeroo
namfakkiiwwan keessa jiraatan, bakkaafi yeroo gochoonni seenaa asoosamichaa itti dalagameefi
k.k f ilaallata.

22 Qoph: Admasu Tolasa


Kanaaf, barreessaan yeroo namfakkiiwwan kalqu yoomessaafi namfakkiiwwan akkasumas, gochi
isaan dalagan yoo walsimuu baate seenaan asoosamichaa sirriitti seenaa dhugaa addunyaa kana
irraa fakkaachuu dhiisuu danda’a. Kanaaf, asoosaan bakka seenaa ykn biyya seenaa asoosamichaa
sirriitti beekuu qaba. Innis teessuma lafasaas dabalatee haala qilleensasaa hunda sirriitti beekuu
qaba. Gochoota seenaa asoosamichaa keessa jiru yeroo jaarraa (century)fi baroota ykn waggoota
kam waliin akka walsimu dursee sirriitti adda baafachuudhaan kalqee barreessuu qaba.

4. TOOFTAALEE YKN MALAWWAN ASOOSAMAA BARREESSUU


Asoosamni dhangala’aan tooftaalee adda addaatiin barreeffama. Isaanis: Addeessuu, duub-mil’uu,
egeree himuu, waliin haasaafi ofiin haasaa ta’u.

4.1. Addeessuu /Describing/


Addeessuun tooftaa barreessuu jechoota sammuu dubbistoota keessatti fakkii ykn maappii
sammuu kaasuu danda’anitti gargaaramanii duraa duubaan barreessuudha. Wantoonni
addeeffamanis: bifa namfakkii, iddoo (naannoo, bakka ykn biyya) , meeshaalee fi gochaalee
dalagaman ta’uu danda’u.

4.1.1. Bifa Namfakkiiwwanii Addeessuu


Asoosama barreessuu keessatti bifti namfakkiiwwanii tartiibaan, jechoota sammuu dubbistootaa
keessatti fakkii kaasuu danda’aniin addeeffamu. Tartiibni ittiin addeeffamus, mataa irraa gara
miilaatti, ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf, asoosama Godaannisa 1992:32 irraa waraabame kanatti
aanee jiru kana ilaalaa.

“Yeroo isheen garakootti garagaltu iji keenya walirra bu’e. Ijawwan gurgudduu akka
bakkalcha barii ifan sun iddii fakaatanii achii as na ilaalu. Naannoon ijashee akka isa
kuulamee uumamaan gurraacha’eera. Daftee waan deebisteef ilaalaa turuuf carraa
hinarganne. Akkan ta’u ta’ee altokko yommuun fuula ishee ilaalu funyaan qal’oo qimixee
achii gadi qajeelee nama marara. Hidhiiwwan hahaphiin afaan dhiphoo walitti qabanii
jiru. Tuullaan rifeensa mataashee daddabaa gadi bu’ee yeroo qoleefi dugda isheerra “jaf”
jedhee ciisu, bifa ishee isa gooraa diimate fakkaatu waliin simboo bareedaa uumaniiruf.”
(Godaannisa/Dhaabaa Wayyeessaa 1992:32)
Asoosama armaan olii keessatti bifti shamarree sanaa jechoota bifa ykn suura ishee sammuu
dubbistootaa keessatti mul’isaniin addeeffamteetti.

4.1.2. Meeshaalee Addeessuu


Adeemsa asoosama barreessuu keessatti meeshaaleen adda addaa haala sammuu dubbisaa
keessatti fakkiin isaanii mul’achuu danda’uun jechootaan addeeffamu. Fakkeenyaaf, yaada kitaab
asoosamaa “Kuusaa Gadoo” keessaa waraabame kana ilaalaa. “xarapheezaan laaybirarii kenedii
yoo ta’an akka namni walhin agarreef bitaafi mrgaan, akkasumas, fuulduraan girgiddaa yoo

23 Qoph: Admasu Tolasa


qabaatu jalli isaa banaadha.” Asoosamni armaan olii kun meeshaan mana kitaabaa sun maal akka
fakkaatu dubbisaaf addeessa.

4.1.3. Bakkeewwan / Biyya Ykn Naannoo Addeessuu


Tooftaa asoosama barreessuu keessatti bakki /iddoon ykn biyyi/ naannoon seenaan itti
raawwatamee haala maappiin isaa sammuu dubbistootaa keessatti mul’achuu danda’utti
jechootaan addeeffama. Haala gaariitiin dhugaa fakkeessee kalqee addeessuuf asoosaan nnaannoo
ykn biyya ykn bakka seenaa asoosama sanaa sirriitti beekuu qaba. Asoosama barreessuu keessatti
bakki ykn biyyi seenaa asoosamichaa akkamitti akka addeeffamu hubachuudhaaf mee yaada
kitaaba asoosamaa “Godaannisa” jedhu Dhaabaa Wayyeessaatiin (1992:7) qophaa’e irraa
waraabame armaan gadii sirriitti ilaalaa.
“Gaafa beellama keenyaa, peejoodhaan fandalalaa, ganama Dirree geenye. Magaalli
Dire-Dawaa, Taliilee ishee yeroo jalqabaaf argite haaturuutii namuma duraan argee
beekuyyuu afaan bansiiftee hambifti. Nibareeddi. Namni isheef karaan daandiin ishee
nama gammachiisu. Muuzii, burtukaana, zayituunaa, mangoo, giishxaa, loomii, kaarotii,
timaatima, raafuu, shonkooraa, jimaafi kkf diree dhuunfatanii ofitti nama waamu.”
Asoosama armaan olii kessatti bakki seenaa (Dire Dawaa) fi naannoon Dirree, akkasumas,
qabeenyi naannoo sanatti argamu haala sammuu dubbistootaa keessatti kaakkii kaasuu danda’uun
addeeffamanii jiru.

4.1.4. Gochawwan Addeessuu


Adeemsa asoosama barreessuu keessatti gochawwan seenaa asoosamichaa jechoota sammuu
dubbisaa keessatti fakkii kaasuu danda’aniin tartiiba ykn duraa duuba gochaatiin addeeffamu.
Fakkeenyaaf, tartiib gochaa asoosama” Godaannisa” (1992:9) Dhaabaa Wayyeessaatiin qophaa’e
keessaa waraabame kana armaan gaditti ilaalaa.
“Balbala rukkaute MannaalooBalaay. Kulaaniin nibanteef. Gola hirribaatti darbee taa’e.
Bishaan harkaa kennuuf faana deemte Kuulaniin. Irbaata dhiyeessiteef. Irbaata ana wajjin
nyaatu Malee jennaan bira gadi teesse. Hamma hafuurri ishee citutti nyaata afaan
kaa’uudhaan hukkaamse. Saalfattee hanga irbaanni ka’utti obsite. Irbaata fuutee yoo
bishaan harkaa fiddee dhuftu harka isaa dhiqatee harka ishee qabate. (Dhaabaa
W.(1992:9)
Asoosamni armaan olii keessatti gochi abbaan buddeenaa kuulanii, Mannaaloo Balaay Kuulanii
irratti raawwate haala sammuu dubbistootaa keessatti fakkii kaasuu danda’uun addeeffamuun
seeneffamee jira.

4.2.Duub-Mil’uu Yaadaa /Flash-Back/


Yaad-mil’uun ykn duub-mil’uun gocha ykn seenaa darbe akka tasaa ofduuba deebi’anii
yaadachuudha. Asoosaan seenaa namfakkii tokkoo jalqabaa kaasee hanga xumuraatti tartiiba
eegee hin dhiyeessu. Seenaan sunis tartiiba eegee sammuutti hindhu. Waa’ee ta’iinsa tokkoo utuu
haasa’aa jiruu gocha sanaaf bu’uura kan ta’e seenaa ykn gocha duraan ture akka tasaa yaadatee

24 Qoph: Admasu Tolasa


gidduu galchuunsaa hin oolu. Kanaaf, yaadmil’uun seenaa ykn gocha darbe yaadatanii tooftaa
ittiin asoosama barreessanidha. Fakkeenyaaf, kitaaba asoosama “Godaanisa” jedhu keessatti
Taliileen gorsaa fi iccitii abbaan ishee duraan isheetti himee ture akka tasaa yaadattee Abdiisaa of
irraa darbatte. Duub-mil’uun ykn yaad-mil’uun faayidaalee armaan gadii qaba. Isaanis:
A/ Seenaa duraa namfakkii tokkoo namatti hima.
B/ Sababa duraan ture waan eeruuf waldiddaa cimsa.
C/ Assoosama gabaabaa keessatti seenaa namfakkii tokkoo gabaabsee eeree darbuuf
gargaaraa.

4.3. Egeree Himuu /For Talling /For Custing/


Tooftaa asoosama barreessuu keessaa tokko wanta gara fuul-duraatti ta’uu danda’u tokko dursanii
eeruu ykn himuudha. Asoosaan seenaa asoosama tokkoo keessatti wanta garafuulduraatti ta’u,
carraa gara fuul-duraatti namfakkiiwwan mudachuu danda’uufi k.k.f eeruu danda’a. Kunis, egeree
himuu jedhama.

4.4.Waliin Haasaafi Ofiin Haasaa


Tooftaalee asoosama barreessuu keessaa kanneen biroon immoo tooftaalee waliin haasaa fi ofiin
haasaa dha. Waliin haasaa yeroo namfakkiiwwan seenaa asoosama tokkoo keessatti waliin
dubbatan, walfalmaniifi wallolan mul’ata. Ofiin hasaan immoo asoosama keessatti yeroo
namfakkiin ofitti ykn mataadhuma isaatti dubbatudha. Fkn. Deemuu? Dhiisuu? Hindeemu? Garuu
maaliifan hindeemu? Boo! Nandeema! Hafuu hinqabu! Garuu deemee hoo maalin jedhaan?

DIRAAMAA YKN DO’II

Qophii koo kutaa darbee keessatti sanyiiwwan og-barruu keessaa Asoosama irratti xiyeeffachuun
bal’inaan ibseen jira. Bifuma walfakkaatuun, kutaa kana keessatti immoo sanyiiwwan og-barruu
barreeffamaa keessaa “Diraamaa” irratti xiyyeeffachuudhaan bal’isee ibsuun yaala. Jecha
“Diraamaa” jedhu Afaan Oromootiin “DOO’II” jenna. Diraamaan sanyiiwwan ogbarruu
barreeffamaa keessaa isa tokko ta’ee, kalqamee erga barreeffamee booda, fakkeessaanii
hojjechuun gochaan daawwattootaaf dhiyaata.

MAALUMMAA DIRAAMAA

Jechi “Diraamaa” jedhu jecha Afaan Giriikii irraa dhufe yommuu ta’u, hiikni isaa “ Gocha “
(action) jechuudha. Akkuma hiika maqaa isaa kana irraa hubachuun danda’amu, Diraamaan
sanyiiwwan Og-barruu barreeffamaa keessaa isa tokko yommuu ta’u, haala jiruufi jireenya
hawaasaa calaqqisiisuu danda’uun seenaa dhugaa fakkeeffamee, dandeettii kalqaq sammuu
barreessaatiin qophaa’ee, hirmaannaa qooddattootaatiin gochaan hojii irra oolee kan daawwatamu
hojii kalqaati. Seenaa dhugaa ta’ee darbe tokkos irra deebi’uun bifa do’ii diraamaatiin kalaquun
daawwattootaaf dhiyeessuun nidanda’ama.

25 Qoph: Admasu Tolasa


Fakkeenyaaf, gocha gootni Oromoo beekamaa Abdiisaa Aagaa Waraana Addunyaa 2ffaa
keessatti hirmaatee fi gocha abbootiin keenya durii Faashistii Xaliyaanii biyyaa hari’an
gabaabsanii bifa Dirmaatiin kalquudhaan hawaasa daawwachiisuun nidanda’ama. Diraamaan
dandeettii kalqanii barreessuu kan gaafatudha. Itti dabalees, dandeettii fakkeessanii gochaan
agarsiisuu barbaada. Barreessaan Diraamaa akkuma dandeettii kalqa barreeffamaa qabu, taatonni
ykn qooda fudhattootni diraamaas, dandeettii jechaa ykn dandeettii haasaafi dandeettii gochaan
mul’isuu qabaachuu qabu.

Qophiin diraamaa rakkoo hawaasaa saaxiluu, rakkoo sana irraa barumsa dabarsuu, dadhabina ykn
Cimina namaa mul’suufi k.k fakkaatan irratti bal’inaan hojjeta. Gaddas ta’e, gammachuu, haala
seenaa diraamaa sanaa sirriitti dhugaa fakkeessanii gochaan mul’isuuf haalli taatotaa ykn
qooddattootaa kanneen akka: Uffannaa, akkaataa, Umurii, saalaafi k.k fakkaatan sirriitti walsimuu
qaba. Diraamaan kalqaan miidhakfamee gochaan daawwattootaaf waan dhiyaatuuf og-barruulee
kanneen biroo caalaa fedhii daawwattootaa harkisuu danda’a. As keessatti, dandeettiin gochaan
agarsiisuu taatotaa /qooddattootaa/ baay’ee murteessaadha.

RUUQOLEE /CAACCULEE DIRAAMAA

Qophii koo kuaa darbee keessatti caacculee ykn ruuqolee asoosama tokko tokkoon ibseen jira.
Haaluma walfakkaatuun, Caacculeen asoosamaa keesatti argaman hundi diraamaa keessattis ni
argamu. Kanaaf, Caacculee asoosama keessaatti bal’inaan ibsee waanan jiruuf diraamaa keessatti
baay’ee bal’isee ibsuu na hindhaamsu. Sababiin isaa caacculeen akkuma asoosama keessatti
argaman, diraamaa keessattis waan argamaniif fidha. Ruuqoleen /caacculeen diraamaa keessaaatis
argamuu danda’an: seenaa, waldiddaa, yoomeessa, qooddattoota (taatota), sabseenaa, ergaafi k.k
fakaatanidha.
A/ Seenaa: akkuma asoosamaa, diraamaa keessatis seenaan baay’ee barbaachisaadha. Seenichis
seenaa dhugaa fakkaachuun qalbii daawwattoota harkisa. Seenaan diraamaa gabaabaa ykn dheeraa
ta’uu danda’a. Akkasumas, seenaan diraamaa baaqqee ykn dacha ta’uu danda’a. Wayita seenaan
dacha ta’u, seenaan xixiqqaan seenaa isa guddaa dabalaa ykn gabbisa.
B/ Qooddattoota /Taatota: Akkuma asoosama keessatti namfakkiiwwan nama fakkaatanii akka
namaatti socho’an, diraamaa keessatti immoo namoota seenaa diraamaa sana keessatti
hirmaachuun gochaan agarsiisantu mul’atu. Isaanis: Taatota ykn Qooddattoota jedhamu.
Diraamaa tokko keessa seenaa jiru dhugaa akka fakkaate qalbii daawwattootaa harkisuu gochuuf
dandeettiin jechoota filachuun haasa’uu qooddattoota gahee guddaa qaba.
C/ Waldiddaa /confilict/: Waldiddaan bifuma asoosama keessatti mul’atuun diraamaa keessattis
bal’inaan mul’ata. Seenaan diraamaa irra caalaan isaa waldiddaa ykn waldhabdee tiin guutuudha.
Akkuma asoosamaa, diraamaa keessattis waldiddaa gosa adda addaatu mul’atu. Waldiddaan kunis
eegalamee baay’ee olka’uun sadarkaa walfixiinsaa irra erga gahee booda deebi’ee tasgabbaa’aa
deema. Wal fixiinsa uumees darbuu danda’a.
D/ Sabseenaa /Jaargocha/plot/: Akkuma asoosama keessatti ibsame, diraamaa keessattis seenaan
haala sababaafi bu’aa ibsuun gochoota adda addaa ijaaree argama . Ijaaramni gochaa sababaafi

26 Qoph: Admasu Tolasa


bu’aatiin seenaa diraamaa ykn asoosamaa keessatti argamu kun Jaargocha ykn sabseenaa (plot)
jedhama.
E/ Yoomessa/setting/: Akkuma asoosamaa, diraamaanis yoomessa qaba. Seenaan diraamicha
keessatti dalagamuu bakkaafi yeroo itti dalagamuun sirriitti fakkaachuu qaba. Bakkii seenaas
iddoo muraasa irraa eegalee hanga sadarkaa biyyaatti sirriitti dhugaa fakkaachuu qaba.

GOSOOTA DIRAAMAA

Hayyuun og-barruu Zerihuun Asfaawuu (2002) akka eeranitti, diraamaa bakka gurguddaa lamatti
qoodeen ibsuu yaala. Isaanis: Tiraajedii yookiin Diraamaa suukkanneessaa ykn Gaadisiisaa fi
Koomeedii ykn Diraamaa gammachiisaa ykn Kofalchiisaa jedhamu. Gosoota diraamaa kanneen
akka armaan gadiittan tokko-tokkoon ibsa.

1. Diraamaa Suukkanneessaa ykn Gaddisiisaa (Tragedy)

Gosti diraamaa Tiraajedii miira daawwattootaa dhiphisuu, yaaddessuu, sodaachisuu, naasisuu,


boossisuu, gaddisiisuu fi k.k. fakkaataniin beekama. Kanaafuu, Afaan Oromootiin “Diraamaa
suukkanneessaa ykn Gaddisiisaa” yoo jenne hiika ta’uu danda’a. jedheen amana.

Diraamaan Tiraajedii baay’ee kan miira namaa dhiphisisuu fi nama boossisudha. Diraamaan kun
waldiddaatiin guutuudha. Qooddattoota diraamichaa rakkoolee gurguddaatu isaan mudata. Isaanis
rakkoo keessaa bahanii balaa irraa of oolchuuf jecha rakkoo jireenya isaaniitiif yaaddessu kan biro
keessatti kufu. Achi keessaas osoo abdii hin kutiin hedduu carraaqu.

Diraamaa Tiraajeii keessatti carraan qooddattoota mudatu baay’ee nama yaaddessa. Rakkoo
guddaa sodaachisaa fi kan obsa nama fixachiisutu isaan mudata. Jechoonni qooddattoonni
haasa’anis kan nama naasisu, haarsu, boossisuufi laphee namaa cabsuu dha. Daawwattoonni
diraamaa kana yeroo daawwatan dhiphina, gadda, yaaddoo fi haariitiin dheekkamaa, dallanaa,
wixxifachaa boo’aa, qooddataa balaan mudateef immoo furmaata hawwaa daawwatu. Gosa
diraamaa kan biro caalaa daawwattoota harkisa.

Akka hayyuun Og-barruu Zerihuun Asfaawuu (2002) eeretti, gosti diraamaa suukkanneessaa
(tragedy) kun jaarraa 25 olikaasee beekamaa kan tureefi gosa diraamaa umurii dheeraa qabu dha.
Og-barruu bara durii (classical Literature) warreen jedhaman keessaa tokko diraamaadha.
Gosa diraamaa keessaas Tiraajediidha. Saayinsiitiin gosa diraamaa kana qorataa tures Aristootil
ture. Walumaagalatti, gosti diraamaa Tiraajedii nama gaddisiisaa, dhiphisaa, yaaddessaa,
Boossisaa haala suukkanneessaa keessaan ergaa kan dabarsudha.

2. Diraamaa Bashannansiisaa/ Kofalchiisaa /Commedy/

Gosti diraamaa inni lammaffaan koomeediidha. Diraamaan kan nama kofalchiisaa,


bashannansiisaa, dinqisiifachaa, haala nama gammachiisuun ergaa dabarsudha. Diraamaan kun

27 Qoph: Admasu Tolasa


akka Tiraajedii nama hin dhiphisu, hinyaaddessu, hingaddisiisu. Nama Gammachiisuu fi
kofalchiisuun waan beekamuuf “Diraamaa Bashannansiisaa ykn Gammachiisaa ykn
Kofalchiisaa” jennee A/O tiin moggaasuu dandeenya. Diraamaan kun fuula ifaadhaan yaaddoo
cimaa malee daawwatama.

Diraamaa komeedii keessatti gochi qooddattoonni dalaganiifi carraan isaan mudatu, akkasumas,
wallaansaan jireenyaa isaan keessa darban kan nama kofalchiisudha. Malee kan nama
yaaddessuufi dhiphisu miti. Diraamaan kun namoota gadda qabaniin yoo daawwatame gadda
isaanii isaan hirraanfachiisuu danda’a. Diraamaa komeedii kana keessatti jechi namfakkoonni ykn
qooddattootni hasa’an filamaa yoo ta’ellee, kan nama kofalchiisuufi bashannansiisudha malee, kan
hanga lafeetti nama waraanuufi kan laphee namaa cabsu miti.

Diraamaan komeedii barsiifataafi aadaa hawaasaa murtaawaa irratti waan xiyyeeffatuuf,


barsiifanni murtaawaa tokko yommuu hafu, barbaachisummaan diraamichaas hafuu danda’a.
Kanaaf, diraamaan komeedii akka diraamaa Tiraajedii baroota irra qaxxamuree umurii dheeraa
hinqabaatu.

Gaaffilee armaan gadii barreessuun deebisi.

i. Maalummaa Ogbarruufi Dameewwan Ogbarruu keeyyata tokkoon ibsi.


ii. Maalummaa Afoolaa, Amaloota Afoolaafi Faayidaalee Afoolaa keeyyata
tokkoon ibsi.
iii. Garaagarummaafi tokkummaa Asoosama gabaabaafi Asoosama dheeraa
gidduu jiru ibsi.
iv. Garaagarummaa gosoota namfakkii gidduu jiru ibsi.
v. Garaagarummaa gosoota Ija seenessaa asoosamaa gidduu jiru ibsi.
vi. Garaagarummaafi tokkummaa asoosamaafi al-asoosama gidduu jiru ibsi.
vii. Garaagarummaafi tokkummaa Diraamaafi Asoosama gidduu jiru ibsi.
viii. Diraamaa moo asoosama irratti hojjechuutu Ogbarruu Oromoof irra caalaa
bu’aa qaba jettee yaadda? Maaliif?
ix. Haalli guddinaafi dagaagina Ogbarruu Oromoo yeroo ammaa maal sitti
fakkata? Ibsi.
x. Guddinaafi dagaagina Ogbarruu Oromoo kana caalaatti milkeessuuf
maaltu godhamuu qaba jetta? Eenyufaatu ciminaan irratti hojjechuu qaba?

-------------------------========+++++++++++++++=============----------------------------------

Qoph: Admaasuu Tolasaa, Muummee Barnootaa Afaan Oromoo

-------------------------========+++++++++++++++=============----------------------------------
HORAA BULAA!

28 Qoph: Admasu Tolasa

You might also like