You are on page 1of 7

Og-barruu

Ogbarruun kalaqa sammuu ta’ee, jechoota


filatamoodhaan yaad barbaade afaaniinis
ta’ee, barreeffamaan mi’eessee
miidhagsee kan dhiyeessuudha.
Ogbarruun kalaqa sammuu dhala namaa,
ogummaafi dandeettii, aadaa, duudhaa,
falaasamaafi haala jiruufi jireenyaa,
akkasumas dhageettii keessoo ofii,
gaddaafi gammachuu qaban kan ittiin
ibsataniidha. Akka kanaan barreeffamni
holooloofi bifa walaloon dhiyaatan hojii
kalaqaa taanaan ogbarruu jala galu.
Asoosamni, ogwalaloofi do’iin ogbarruu
jalatti ilaalamu.

Hiikkaa ogbarruu
Ogbarruun afoolaas ta'e, barreeffama
amaloota nama bashannansiisuu,
barsiisuu, kakaasuu, koofalchiisuu,
qirqiirsuu, gaddisiisuu, gammachiisuu,
amansiisuufi kkf of-keessaa qabuudha. [1]
Akka Zarihuun jedhutti, ogbarruun waan
barreeffame mara qofa osoo hin taane kan
afaaniin darban afoola kanneen akka
walaloo fa’aa ni dabalata.[2] Ogbarruu
ilaalchisuun Asaffaan akka lafa kaa’eetti,
safuu fi falaasama hawaasummaan kan
itti dhiyaatuudha. Hojii kalaqaa kamiyyuu
keessatti yoo dhimma hojii sanaa isa
gooroo hin ta’iin , dhimmi rakkina safuu
osoo hin ka’iin hin hafu. [3]

Hayyoota garaagaraan jechi Afaan Ingiliish


literature jedhu Afaan Oromootin ogbarruu
jedhamee hiikame. Haata’u malee jechi
ogbarruu ogummaa barreeffamaa ta'uu
bu'uureffachuun, barreeffama qofaaf kan
jedhani mormanis jiru.

Ogbarruu Oromo
Ummanni Oromoo ogbarruu ofii qaba.
Ogbarruu fayyadamuun haala jiruu fi
jireenya isaa ibsata. Ogbarruun Oromoo
yeroo gara yerootti suutan dagaagaa kan
dhufeedha. Haala guddinaafi dagaagina
ogbarruu Oromoo keessatti, dhiibbaa
mootummoonni darban biyya keenya
bulchaa turan irraan ga'an irraa kan ka'e
afaanichi carraa afaan hojii, afaan
barnootaa, afaan sab-qunnamtii, afaan
qorannoofi qo'annoo akkasumas carraa
afaan barreeffamaa ta'uu sadarkaa
eegameen argachaa turu dhabuun
qancaruu danda'e.
Qorannaan ogbarruu jala bu’ee
fayidummaa isaanii fi dadhabinna isanii
saaxilee kallattii ifaa ta’e akeekus baay’ee
xiqqaadha. Fakkeennaaf sadarkaa digirii
sadeessootti, ogbarruu Oromoo irratti
qorannaan hojjataman keessa kan Dr.
Addisuu Toleessaa geerarsa Oromoo
irratti hojjatan, kan Dr. Taaddesee Jaalataa
afoolaa fi tapha ijoolle Oromoo Gujii irratti
hojjatan, kan Dr. Asafaa Teferraa
ogwolaloo diddaa Oromoo Salaalee irratti
hojjatan fi biyya keessa Yuunivarsitoota
Finfinne (Dr. Xilahuun Taliilaa, Dr.
Teshoomee Egeree, Dr. Destaa
Dessalenyii) fi Yuunivarsiti Jimmaa kan
eeramaniidha.
Ogeeyyii ogbarruu
Barreessaa

Barreessaa doo'ii

Galalchitoota

Walaleessaa

1. Fedhasaafi Hundumaa, 2011


2. Zarihuun, 2004:1-3
3. Asaffaa, 2009:32

"https://om.wikipedia.org/w/index.php?title=Og-
barruu&oldid=39946" irraa kan fudhatame
Fuulli kun dhumarratti kan gulaalame guyyaa 10
Waaxabajjii 2023, sa'aa 12:04 irratti. •
Content is available under CC BY-SA 4.0 unless
otherwise noted.

You might also like