You are on page 1of 7

Afoola

Afoolli ( Afaan Ingiliish: folklore) jecha dhalootaa dhalootatti afaaniin darbaa dhufeedha.
Ummatni duudhaa, aadaa, muuxannoo, mudannoo seenaa fi dhimma hawwaasummaa ogummaa
bohaarsuu, dubbachuu fi weeddisuun dhaloota dhufuuf kan ittiin dabarsuudha.

Faayidaa Afoolaa

Afoollii seenaa, duudhaa, yaadaa fi beekkumsa hawaasaa dhaloota tokkoo isa birootti dabarsuun
alatti tajaajila hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni haala yeroo ibsuu, hir'ina jiru qeequu,
honnachiisuu, boharsuu, barsiisuu fi miliqsuu dha.

Akaakuu Afoolaa

Gosoota afoolaa ummatni Oromoo bal'inaan fayyadamu kanneen armaan gadiiti.

 Hibboo
 Sheekkoo
 Oduu Durii
 Baacoo
 Cigoo
 Jechama
 Mammaaksa
 Eebba
 Geerrarsa
 Sirba
 Tapha ijoollee
 Faaruu loonii
 Faaruu jaalalaa
 Faaruu Ayyaanaa

Hiibboo

Hiibboon ( Afaan Ingiliish: Riddles) gosoota afoolaa keessaa tokko ta’ee akka tapha gaaffii fi
deebiitti dhihaatuudha. Hiibboon wanta beekkamaa tokko akka iccitiitti gaafachuun taphatama.
Gaafatamaan wantoota deebii itti fakkaatan maqaa dhahuun deebisuuf yaalaa. Yoo argate bakka
waljijjiiruun gaafataa ta'a. Yoo deebisuu dadhabe immoo biyya kennuun deebii bara.

Ummatni Oromoo durii kaasee hiibboo galgala erga loon galani booda hanga sa’aan hirriibaa
gahuu ibbidda irratti wal-yaamani taphatu. Karaa kanaan uummatni daa’ima isaa jireenya
hawaasummaa fi gadi fageenyaan hubachu ittiin barsiifataa dhufe. Kana malees Oromoon aadaa,
falaasama, seenaa fi duudhaa karaa ittiin dabarsatuudha.
Fakkeenya
 Obsaa: Hiibboo.
 Obsee: Hibib.
 Obsaa: Harkaan facaasanii, ijaan funaanan.
 Obsee: Sanyii.
 Obsaa: Hin arganne.
 Obsee: Hin beeku maalinni.
 Obsaa: Biyya naa kenni.
 Obsee: Finfinne fudhadhu.
 Obsaa: Finfinnee fudhadhee maalan gaabbaa. Finfinne argadhee maalan dhaba.
Handhuura oromiyaa lafa gamoon bosonaa. Lafa bareedaan keessa guute. Ati fuula kee
cilee dibadhu akka hoolaa jaanjoon lafaa sitti ha yaami'itu akka kallee qalbiin kee yaa
rarraatu. Gama kiyya diddi facaase, gama kee gagabsaa facaasee gama koo urgooftuu
facaase gama kee citto facaase. Fardi hin dannabsuu kanaa oli sin arrabsu. Deebiin
barreeffama.

Sheekkoo
 Sheekkoon ( Afaan Ingiliish: Fable; Sheeko Sheekkoo) gosa afoolaa keessaa tokko ta’ee
falaasama bifa seenaan dubbii bineensotaa, meeshaa fi namaan safuu, naamuusaa fi
wajjiin jireenya ijoollee kan ittiin barsiisaniidha. Sheekkoo abshaalummaa fi doofummaa,
jaalalaa fi jibba, dabeessaa fi goota walbira qabanii ka gaarii ta’e ijoolleen addaan baaftee
akka barattuuf gargaara.
 Manguddoon sheekkoo kalaqanii ijoollee ittiin gorsu. Dabalataan ummatni Oromoo
qorumsaa fi ilaalcha addunyaa kanaaf qabu kan ittin ibsatuudha. Akkasuma waan ifatti
dubbachuun hin danda’amne fi dhorkame karaa dubbate dhimma itti ba'uudha.
Gosoota sheekkoo
 Sheekkoo durdurii, sheekkoo ibsaa, sheekkoo seeneessaa fi sheekkoo bineensotaa
jedhamuun sheekkoon bakka gurguddoo afuri qoodama. Sheekkoo durduriin gootummaa
fi ilaalcha bara dheeeraa dura waan ture kan ittiin himamudha. Sheekkoon kun durduri
ykn bara duri jedheeti eegala. Sheekkoo ibsaan aadaa, amantaa, falaasama fi haalaa
jireenya uummata sanaa ibsuudhaaf kan itti fayyadamnudha. Sheekkoo seenessaan
namootaa fi gochoota bebbeekkamoo turan maqaa dhahuun kan akka asoosamaatti
seeneessuudha. Sheekkoon bineensotaa immoo fakkii horii fi bineensota taatoota
godhachuun kan dubbatamudha.

CIIGOO

Ciigoo : ciigoon afoola oromoo keessatti haala ittiin dubbiin qolaa ykn iccitii qabu itti
dhiyaatudha.
Ciigoon wantoota lama of keessaa qaba. Isaanis :
a, Soorgoo. fi
B, Sookkoo dha.
Soorgoo : ciigoo keessatti jecha dachaa ta,ee kan hiika sirii ykn fuulee jiru jechuudha.
Sookoo : jechuun immoo jechuma soorgoo sannatti hiika dhokotaa barbaaduu ykn hiika duubaan
jiru yaaduu jechuudha.
Fkn1. Isiin si Jaalatti atti maaf jibbitaa
Intala ulffeesi yaa gurbaa ulfaattaa.

Kana keessatti dubbiin dachaa ulfeesi kan jedhuudha.


Soorgoon isaa kabaji ykn ulfina laadhuuf jechuudha.
Sookkoon immoo ulfa taasisi ykn garaatti ulfeessi jechuudha.

Fkn 2.Akkan taane ta’ee seera uumaa cabsee

Harki na hidhamnaan miilanan barreesse.

Jecha dacha: miilanan barreesse

Sorgoo: lukaanan barreesse

Sookkoo: amman sirriitti barreesse

Jechama
Jechamni gosa afoolaa ta'ee jecha ergaawwan dachaa fi cimoo dabarsuudha. Jechamni ergaa
akeekkachiisuu, dheekkamuu, kakaasuu, barsiisuu fi iccitiin dabarfachuuf ni tajaajila. Jechama
keessatti jechoonni gubbaa ifa yoo ibsaman keessatti immoo dhoksaan hubatamu.

Fkn: gara laafeessa –namaa naha

Ceekuu baase _ goobe

Buqqee duwwaa - wallaalaa

Mammaaksa

Mammaaksi afoola Oromoo keessaa tokko yoo ta'u jechoota beekkumsaa fi ogummaa qaban of
keessaa qaba. Mammaaksi dubbii fiduufi gabaabsanii fixuuf ykn salphaatti namatti himuuf
tajaajila.

Uummanni Oromoo mammaaksa isaatiin ragaa baha. Oromoon dubbii cimsanii fi gabaabsanii
mi’eessuuniifi miidhagsuun fixuuf mammaaksatti fayyadama, keessaahuu warri maanguddoo.
Yeroo baay’ee manguddoonni araarsufis ta’e marii hawaas-dinagdee adda addaaf yoo walga’an
yaada isaanii gadi fagessanii garuu osoo dubbii hindheeressin ibsachuuf mammaaksatti
fayyadamu.

Mammaaksi hawaasa Oromoo biratti waan hedduuf mammaakama. Fakkeenyaaf, qarutuma,


tuffii, jaalala, hawwii, haqa, gootummaa, doqnummaa, jibbaafi kkf, agarsiisuuf nimammaakama.
Ergaa mammaaksa tokkoo hubachuuf wantoonni adda addaa nama gargaaruu malu.
Fakkeenyaaf, aadaa, seenaa, durdurii faa beekuu barbaachisaadha.

Hariiroo Maanguddoo fi Mammaaksaa


Mammaaksi beekumsaa fi muuxannoo maanguddootaati. Haasaan maanguddootaa yeroo
baayyee mammaaksaan kan guutameedha, kunis dubbii gabaabsanii himuuf, dubbii mi'eessuuf
ykn bareechuuf godhama. Kanaafis, sagantaa aadaa ykn hawaasummaa bakka maanguddoonni
itti baayyatan keessatti mammaaksi baayyinaan dubbatama.

Fakkeenya mammaaksaa

Oromoon iddoo mammaaksi qabu akka armaan gadii ibsa.

 Dubbiin dubbii fida mammaaksi dubbii fixa.


 Aaki jedhan waa tufan, mammaakan waa himan.
 Dubbiin mammaaksa malee, ittoon soogidda malee.
 Mammaaksi koobaa dubbiti.

EEBBA
Eebba dhimmaafi ayyaanaaf Waaqa kadhatanii fi galata galchanii ittiin jalqaban ykn
xumuraniidha. Eebbi gaafa akka muudaa, irreechaa, gaa'elaa, duulaa fi araaraa ni taasifama.
Eebba kanas kan eebbisuu manguddoota umuriidhaan ykn dhaloota hiddaan hangafa ta'aniidha.

Kutaaleen Oromoo hundinuu qabiyyee fi haala eebbaa adda addaa qabu. Eebba Booranaa
qaamolee hawaasaa, mukeen, loon fi lafa hundaayyuu dabareedhaan caqasuun “nagaa”
kadhataaf. Eebba Macccaa balaawwan dhufuu malan yaadachiisuun Waaqni akka oolchu
kadhata. Eebba Gujii ammoo kan Tuulamaa fi Booranaa giddu-gala taasifachuun Waaqa fi
Nagaa walitti qabee waammata. Walumagalatti, bakkeen adda addaatti eebbi akka garagaraa
dhiyaata.

Eebba Booranaa
Ardaan nagaa……….........................................Nagee

Bobbaan nagaa....…….................................….Nagee

Barri nagaa………...............……......................Nagee

Waareen nagaa……….....................................Nagee

Waariin nagaa………...........…….....................Nagee

Reerii nagaa…………….......….....................…Nagee
Dheedi nagaa…………...........…......................Nagee

Yaa’iin nagaa……………...................…...........Nagee

Kuubiin nagaa……...........................................Nagee

Raabi nagaa…………………...........................Nagee

Kuusaa goseen nagaa…….....................…….Nagee

Ijoolleen Kuuchuu nagaa…..............................Nagee

Dirreen nagaa……………...................…...……Nagee

Dirree dirri Liiban nagaa…...............................Nagee

Liiban Golbaa Diidi nagaa…....................…….Nagee

Malbee Golboon nagaa.....…...................…….Nagee

Saakuu waasoon nagaa…...............………….Nagee

Tulaa sallan nagaa………...........Nagee

Geerarsa

Geerarsi gosa afoolaa ta'ee jecha mana rukutu kan nama onnachiisuun jiruu fi jireenya, gaddaa
fi gammachuu, obsaa fi hamilee kan ittiin ibsataniidha. Geerarsa yeroo baayyee warra dhiiraatu
gootummaa agarsiisufi geerara. Jireenya ummata Oromoo keessatti ergaa dabarsuuf tajaajila.
Oromoon gerarsaan goota isaa faarfatee dhaadata.

Akaakuu Geerarsa

Geerarsa gosa lamatu jira. Innis geerarsa qondaalaa fi geerarsa gurgudduu jedhama. Geerarsi
qondaalaa kan qondaalaan geeraramuudha. Qondaalaan nama duulee diina ofii ajjeesee kan
mirgaan gale ykn bineensota bosona keessa jiraatan (leenca, gafarsa, arba, qeerransaa fi kkf)
adamsee kan ajjeesedha. Isaan kun hawaasa keessa jiraatan biratti kabajaa fi ulfina qabu. Yeroo
sirna ykn cidha tokkorratti sirbamu ykn geerarsi yeroo gahu isaantu dura geerara. Tartiiba mirga
isaan ajjeesanii qabanii fi hawaasa sana biratti beekamaniin wal-duraa duuban geeraru. Yeroo
geeraramu dura waaqa, dachee, midhaan, loon (saawwan) fi booka ykn daadhiitu faarfatama.

Geerarsa gurgudduu kan jedhamu nama duule hin ajjeefne ykn bineensa akka mirgaatti lakkaawu
kan hin ajjeefneen geeraaramuudha. Isaan kun warra qondaalaa booda geeraru. Yeroo geeraranis
hojii qabatanii jirani qonnaa fi waan kana fakkaatu irratti bobba’anirratti cimaa fi jabaa ta’uu
isaanii ykn ammoo duulanii mirga dhabuu isaaniif gadda itti dhaga'ame, yaalii fi tattaaffii
godhan, kanaafis ragaa qaban himachuun balasiin komachuun geeraru. Akkasumas jireenya
isaanii keessatti karaa adda addaa dhiphuu fi roorroo isaan mudate haala adda addaan ibsatu.

Yeroo Qondaalli ykn gurgudduun geeraru, kanneen taa’anii dhaggeeffatan ishoo gurbaa jechuun
jala cooqa ykn soosisa kan jedhamuun harkaa fuudhanii gargaaru. Kunis geeraraan sun akka
afuura fudhatuu fi akka onnatuufi. Yookaan ammoo warra geerarsa beeku ykn qondaaltotaa fi
gurgudduutu wal harkaa fuudhee dabareedhaan geeraru jechuudha.

Fakkeenyaa Geerarsa gootaa

Goota goota caalu


Seenaan yoo gilgaalu
Goota biyyaaf kufu
Seenaan bira hin lufu
Oromoon sodaatee hin beekuu
Yoo sodaachise malee
Seenaan gootaa hindhumu
Yoo obsinee itti dhiifne malee

Tapha ijoollee
Taphni ijoollee gosoota afoolaa keessaa isa tokko. Ummaatni Oromoo ol-
adeemaasaa/daa’imman isaa taphoota adda addaatiin aadaa, seenaa , duudhaa, safuu fi jireenya
hawwaasummallee barsiifata. Taphinni ijollee yeroo baayyee galgalaa fi yeroo boqqonna
yommuu maatiin walitti qabamu taphatama. Taphinni ijoollee gosa baayyee qaba; naannoodhaa
naannoottis garaagarummaa qabaachuu mala. Akkuma gosaan garaagara ta’ees ergaa/barnoota
garagara dabarsa.

Gosoota tapha ijoollee

Kan Golee maali?

Taphni Kan Golee maali? jedhamu naannoo Wallaggaa Dhihaatti tapha beekamudha. Namoota
lamaan taphatama. Tokko ni gaafata tokko deebii kenna. Gaaffii fi deebiin kuun saffisaan
gaggeeffama. Gaafataan gaaffii dogoggorsiisaa/dogoggoraa giddun gaafata. Gaafatamaan gaaffii
kanaaf deebii sirrii yoo kennuu baate ni mo’atame jechuudha.

Gaafataan “Kan golee maali?” jedhee irra deddebiidhaan gaafata. Gaafatamaanis “Meshalee
mana keessaa kan qophii nyaataf tajaajilan” saffisaan maqaa dha’uudhaan deebii keenna.
Gaaffiin doogoggorsiisaa giddun gaafatamus “Akkon kee maali?” kan jedhudha. Gaafatamaan
deebii “nama/abbalu” jedhu akkaa kennu eegama. Dogoggoran debii maqaa meshalee yoo
deebise garuu ni mo’aatame jechuudha. Taphicha irra deddeebiin dheerassanii tapachuun ni
danda’aama.

Kan Golee Maali?


FKN. Gaafataa Gaafatamaa

Kan golee maali? Eelee

Kan golee maali? Gemmii/Sumsuma

Kan golee maalii? Okkotee

Akkoon kee maalii? Nama

Akkon kee maalii? Jabanaa X

Faaruu loonii
Faaruu loonii faaruu ummatni Oromoo kabajaaafi jaalala loonii fi sangaaf qaban kan itti
ibsataniidha. Faaruun loonii yeroo looni bobbaasani, galchani, oofaniifaa kan jedhamu.

Sangootaafi meeshaalee ayidaa walirraa ergifachuun faayiddaa sangoonni namaaf kennu


tarreessuun, fakkeenyaaf kotteen sangootaa waancaa ta’uu isaa, erbeen latii ta’uu kan irra
bulamu, foon irbaata ta’uu kan ittiin bulamufi kan kana fakkaatu yoota’u abdii gara fulduraa itti
mul’isuun akkan jedhanii faarsu, callaan gootaraatti galee, makarri gahuu gahee, margaan
sigahuu gahee jechuudhaan abdii jiru sangootaaf faarsu.Faaruun armaan olii kun ammoo
hawaassummaa, abdii jirufi diinagdee namoota jedduu garaagarummaa jiru kan agarsiisu ta’ee
sangoonni si’aa’inaafi damaqinaan akka ayidan taasisa.

You might also like