You are on page 1of 5

Xiinhiika

Hiikni karaa addaa addaatiin ilalama. Isaanis\


1. Adeemsa Hiika jechaa(Lexicalization process)
Adeemsa hiika jechaa jechuun karaalee jechi tokko afaan barsiisuu keessatti hiika ittiin argatu
jechuu dha.Jechi tokko afaan barsiisuu keessatti karaa gurguddoo lamaan hiika argachuu
danda’a.Isaaniis:

1.1. Hiika kallattii(sirrii)Denotative meaning)jechuun hiikuma ganama (duruma)jechi tokko


qabuu fi kan nutiis sammuu keenya keessaa qabnu ta’a.Hiikni kun galmee jechootaa keessattis ni
argama.
1.2. Hiika addaa(connotative meaning)jechuun akka hayyoonni garaagaraa itti fayyadamanitti
jechichi hiika kallattiin qabuun addatti kan hiiku dha.Sababni isaas hiika addaa yoo gargaaraman
barreeffamni isaanii caalaa mi’aawaa ta’ee dubbistoota ofitti hawwata.Akkasumaas,humna
argata.Hiika addaa kan jedhamu kun isa jechi tokko ganamumaa kaasee haala fayyadamni jecha
sanaa hima tokko keessatti qabu jechuun ni danda’ama.Fkn.Jecha tume jedhu fudhannee yoo
ilaalle:-tume=rukute(Denotative meaning)hiika sirrii ykn hiikuma jechiichi sun ganamuma ittiin
beekamuu yeroo jechiicha dhageenyu ergaa sammuutti nu dhufu bakka bu’uu danda’a.Himoota
adda addaa keessa yoo galu garuu hiika inni kennu akkaataa galumsaatiin(conotative meaning)
inni kennu ilaalla.

2.Akka Ilaalcha Duriitti Hiika Jechaaf Kennamaa ture

A. Moggoo (homonymy):Akka aadaa Oromootti moggoon maqaa wal fakkaatu agarsiisa.Kun


ammoo moggummaan uunka malee hiikaa miti.Kanaafuu,moggoon haala lamaan mul’achuu
danda’a.
i.Homography:Inni kun ammoo bifa tokkoon kan barreeffamu ta’ee,hiika adda addaa kan
qabu,akkasumaas,haala adda addaan kan dubbifamuu dha. “homography spelt in the some
way,but pronoynced differently. e.g. lead=metal &lead=dogs lead”
Afaan oromoo keessattis jechoonni kunnin akka armaan gadiitti ibsuun ni danda’ama.
Fkn..Seenaa=alaa ol lixaa
Seenaa =ta’eewwan duraan darbe kan ibsu.
Hodhe=uffata suphe,
Hodhe = Harma xuuxxate.
Galaa=Ol lixaa,seenaa
Galaa=Dhalee
Gogaa=kallee ykn itillee,
Gogaa = waan jidhaa hin ta’in
Kalee=Qaama namaa
Kalee =Guyyaa har’aan duraa
Dhugaa=Haqa
Dhugaa=Unaa(dhangala’aa wayii kan dhugamu)
Bitaa=Nama meeshaa bitu
Bitaa=Harka mirga hin taane
ii. Homophony:Homofooniin yemmuu dubbatamu ykn dubbifamu kan wal fakkaatu ta’ee,uunka
adda addaa fi hiika adda addaa kan qabuu dha. “Homophony spelt differently,but pronounced in
the same way.” Fakkeenyaaf jechoonni kunnin Afaan Ingiliffaatiin akka armaan gadiitti
ibsamaniiru. Isaaniis:-
 Saw=sow
 Know=now
 knife=nife
 knew=new
Jechoonni kunnin Afaan Ingiliffaan yaa jiraatan malee,Afaan Oromoo keessa hin jiran.
B. Masoo (synonym): Masoon jechoota bifa adda addaan barreeffamanii hiika wal fakkaatu
qabanii dha. “To lexims are synonoyms if they have the same meaning.” (Bastian Lobner
2002).Haa ta’u malee, akka hayyoonni hedduun jedhanitti jechoonni walitti dhiyaatu malee
guutuumaan guutuutti hiika tokko qaban hin jiran.Hiika masoo kanaas,karaa adda addaan ilaaluu
dandeenya.Jechoonni masoo ta’an jarreen sadan keessaa karaa tokkon garaagarummaa qabu.
Fkn.kijiba,soba,dhara.
midhagina,bareedina.
dhugaa,haqa fi k.k.f
i. Hiika duubee (dhokataa) (connotative meaning) Jechoonni hiika kallattiin qabaniin alatti hiika
dhoksaan dabarsaan kan agarsiisuu dha.Hiika jechoota akkasii dubbataa hordofuudhaan
hubachuun ni danda’ama.
Fakkeenyaaf, Ife=Gammade
Bushooftuu=Fokkattuu
Dhorame=Huqqate
Galaana=Arjaa
Itti qaawe=Hiyyoome
ii.Hiika Loogaa:Hiikni loogaa hiika jechoonni bakka garagaraatti maqaa garaagaraa qaban
jechuu dha. Kanas akka armaan gadiitti fakkeenya kennuun ilaaluun ni danda’ama.kuniis loga
sadarkaa sagalee fi loga sadarkaa jechaatti mulachuu danda’a.
a. Looga sadarkaa jechaa
 Gamna =abshaala,qaruuxee,haxxee
 Waraabeessa=hobolaa,bineensa
 Wiixata=hojja-duree,dafinoo
 Hubboo=washoo,huuroo
 Farankaa=booyilaa,dumbulloo,beesee
 Dila=hedduu,baay’ee,danuu
 Baroo=dansaa,gaarii,hosee,mishaa,bareeda
b. Looga sadarkaa sagalee
 Keessa=keeysa,keecha
 Attam=akkam
 mitii=minii
 Galche=gashe
 Oolche=ooshe
c.Hiika fayyadamaa (Usage meaning) Hiikni fayyadamaa jechootuma waljala fuudhuun
akkaataa tokkotti akka hiika tokkotti fayyadamuu dha. Fakkeenyaaf.
 Dhirsa=Jaarsa
 Niitii=Jaartii
 Abbaa warraa=Abbaa manaa
 Haadha warraa=Haadha manaa
d. Hiika walirraa (Meronym):Akkuma Addunyaan yaada Finch (2005:161) wabeeffachuun
ibseetti,hidhata qaamni xiqqaan tokko qaama guddaa waliin qabu kan agarsiisuu
dha.Kanaafuu,inni tokko isa kaan baate ykn ofirratti kan hammatuudha.Fakkeenyaan akka
armaan gaditti ilaaluu dandeenya.
 Fuula,ija,funyaan,hidhii
 Hidda,jirma,damee,baala,daraaraa
 Miila,koomee,sarbaa,jilba,gudeeda
 Harka,qeensa,quba,ciqilee
e.Hiika wal-keessaa (Hyponomy):Hayponomiin,synonomii waliin walitti dhufeenya irra keessaa
qaba.Kana keessatti jechi isa tokkoon ibsamuu kan danda’uu dha ykn hiikni isa tokkoo isa kan
biraa keessa jira jechuu dha.
Afaan Oromoo keessattis fakkeenyaan fudhannee akka armaan gaditti ibsuun ni danda’ama.
 Ilbiisa=titiisa,billaacha,bookee,kanniisa fi kkf.
 Muka=birbirsa,heexoo,waddeessa,bakkannisaa fi kkf.
 Midhaan=garbuu,qamadii,xaafii.atara,boqqolloo fi kkf.
f. Hiika heddee (polysem):Addunyaa fi namoonni adda addaa akka jedhanitti jechi hiika tokkoo
ol qabu hiika heddee jedhamu.Kana jechuun uunki xiinqooqaa tokko muuxannoo tokkoo ol
bakka bu’uu danda’a jechuu dha.Kanaafuu,jechoonni wal-fakkaataan tokko himoota adda addaa
keessatti hiika walitti dhiyaataa kan kennu ta’uu isaa agarsiisa. fakkeenyaaf,
 Bukkee=cinaa,maddii
 Adda=kophaa,kallacha,dirree waraanaa
 Dhahe=midhaan dhahe = ayiide(ololche)
=Lafa dhahe=kufe
=Gaagura dhahe=tolche
 Dubbiin isaa mataa na dhahe=na jeeqe
 Ogeessichi dhaaba manaa meetiraan dhahe=shallage
 Booresse=bishaan taliila xureesse,nagaa balleesse
 Horii=Mallaqa
=Loon
 Xurii=Laguu
=Balfa
 Foon=Fira ofii
=kan nyaatamu
C. Hiika faallaa (Antonym):Jechoota walitti dhufeenyi isaanii hiika garaagaraa qabachuu
irraatti hundaa’ee dha. Kana jechuun walitti dhufeenyi jechoonni wal-morkataan lama gidduu
jiru kan ibsuudha. Walitti dhufeenya faallaa jechootaa kana bakka adda addaatti qooduun ilaaluu
dandeenya.Isaaniis:-
i. Faallaa guutuu (compelemetory antonym) Faallaan jechoota duuchaan faallaa walii ta’an
jechuu dha. Inni tokko hin jiru jechuun,inni tokko jira jechuu dha.Fakkeenyaaf,
 Ifa=dukkana
 Halkan=guyyaa
 Ganama=galgala
 Du’aa=jiraa
 Uumama=nam-tolchee
 Ardii=samii

ii.Faallaa Waliinlaa (rational)(convers):-Faallaa waliin jiraataan ykn waliif jiraatanii


dha.Fakkeenyaaf

 Dhiira …dhalaa
 Haadha…abbaa
 Dureessa…hiyyeessa
 Barsiisaa…barataa
 Bitaa…gurguraa
iii.Faallaa Sadarkeessaa (Gradable ntonym):Wantoota walitti dhiyaatan ta’ee sadarkaadhaan
ibsamuun kan adda bahaanii dha.Inni tokko jira jechuun inni biroo hin jiru jechuu miti.Yeroo
hedduu ibsoota maqaatu haala kanaan mul’ata.Fakkeenyaaf,
 Gurraacha…adii
 Daalachaa’aa…cululuqaa
 Gabaabaa…dheeraa
 Miidhagduu…fokkistuu
 Furdaa…qal’aa
 Jabaa…laafaa
 Cimaa…dadhabaa
 Jarjaraa… rincicaa
 Xiqqaa…gudda
iv. Faallaa kallattii (Directional opposite) Jechoonni faallaa walii ta’anii kallattii waan tokkoo
agarsiisaan faallaa kallattii jalatti ramadamu.Kunis akka armaan gaditti fakkeenyaan ibsamuuf
yaallamaniiru.
 Kaaba….Kibba
 Baha…Dhiha
 ol…..Gad
 Mirga…Bitaa
 Gadee…Olee
 Garas…garana
 Gamas…gamana
 Kunoo…kuunoo
v.Faallaa Eeyyantaa fi Hi’eentaa(waahummaa) (mormii)
Fkn.Nyaadhu=hinnyaadhu
Koottu=hindhufu
Eeyyeen=lakki
Quufe=hinquufne
Baradhu=hinbaradhu

You might also like