You are on page 1of 3

BOQONNAA 1-3

Maalummaa afaanii

Afaanni hiika kennuun dura ga,ee afaan hawaasa keesatti qabuufi eenyummaa hawaasichaa
hubachuun barbaachisaa dha. Qabanni isaa , afaan eenyummaa hawaasaa ni ibsa ni ijaara
Dhimmoonni hawaasaa ammo hedduu akkuma ta’an, hiika afaanii kan hawaasaafi dhimmoota
isaa kana walitti ibsuufi hunda galeessa ta’e dhiyeessuun rakkisaa dha. Haata’u malee,
namoonni afaaniif hiika kennuu hin dhiifne . Hiikni kennamus araara yoo ta’u bu’uurri
garaagarummaa kanaas umrii dheeraa qabaachuu isaati .Hayyoonni tokko tokko afaan dhalli
namaa sagalee dubbiiwalitti qindeessuun kan ittin walii galu meeshaa walqunnamtiiti
jedhu.kaan ammo, afaan mallattoo eenyummaa hawaasa tokkoti jechuun yoo hiikan, afaan
baattuu aadaafi jedhnii kaan hiikanis ni jiru.Hiikawwan kunneen xiyyeffannoo mataaisaanii
qabu . Inni duraa sagalee dubbii , inni itti aanu eenyummaa hawaasaafi inni dhumaa ga’ee
afaan hawaasicha keessatti qabu. Xiyyeeffata . abaabumatti , afaan sagaloota dubbiitti kan
fayyadamu , mallattoo eenyummaafi baafuu aadaa hawaasa tokkoo kan ta’e meeshaa wal-
qunnamtiiti jechhuun hiikuudandeenya.

Afaan akkamitti jalqabama?

Seenaa afaanii seenaa ilma namaa irraa adda baasuun hin danda’amu .Haata’u malee, gaafii “
Afaan akkamitti jalqabame ?’ jedhuuf deebii addaa addaatu jira .N amoonni tokko tokko
“kennaa Rabii namaaf kenne” jedhu. Warri kaanammoo dhimma afaan ittiin qargar ta’e ilaalcha
keessa alchuun” yeroo namoonni Rabbiin qixxaa chuuf kaabii Baabiloon ijaatuuf yaalan ,
Waaqni dheekkamee afaan isaanii gargar akka ta’u taasise “ jedhu .Gareen biro ammo amala
ilma namaa akaa ta’e godhanii fudatu.Namni tokko dhalatee akkuma nyaachuu , demuufi
dhagahuu danda’u , afaan dubbachuus ni danda’a jedhu.

Sabni tokko saba bitaarraa addaan bahee wantoota ittin beekamu keessaa afan isa duraati
jechuu dandeenya. Kana caalaas maalummaan aadaa kan ittin ibsamu, afaan aadaa saba tokkoo
of keessatti baata, ni ibsas.

Sabni tokko kan ittin yaaduufi of ottiin ibsatu afaanuma isaatii nidha.

Aaffii “ Afaan akkamitti jalqabame?” jedhu deebisuu kan yaalan yaadoleen gurguddoo lamani
jiru .

Isaanis , falaasama amantiifi falaasma saayinsii warra hordofaniin kennamu.Akka falaasama


amantiiffi, wanta jiruhund waaqatu uume . yaadni inni lammaffaa kan saayinsiifi .Akka
saayinsiitti afaan firii guddina hawaasaatii jiruufi jireenya namootaa keessatti yaada walii
qooduun barbaachisaa ta’ee waan argameef jecha yaada isaa kan ibsachuuf jecha suuta
suutaan afaan akka uumame fa’e jedhu, akka yaada saayinsiitti.

Maalummaa Birsagaa

Birsani gurmuu jechi kamiyyuu ittiin addaanqoodamu irra caalaa duraan ykn boodaa kan
dubbifamaafi dubbachiisa tokko ykn dubbachiiftuu qofa kan qabatu jedhama. Afaan oromoo
keessatfi jechoonni walta’iinsa dubbachiisaafi dubbifaamaatiin uumamu.

Seera Borsaga Afaan oromoo

Seerri birsani Afaan oromoo ittiin qoodamu kan armaan gadiiti.


1.Dubbifamaa qofaa birsani uumamu hinjiru

2.kA’umsiifi cufaan birsagaa dubbifamaadha.

3.Utubaan birsaaa dubbachiisaa dha.

4.Birsani dubbachiiftuu ykn walta’iinsa dubbifamaafi dubbachiisaatiin uumama.

5.Birsni jalqabaaf dhumarratti irra hin butamu.

Fkn shan, kun Birsaga tokko qabu

-Nama ,lama Birsaga lama qabu.

-Oromoo , Finfinnee Birsaga sadii qabu.

-Dubbifamaa Birsaa afur qaba.

Jecha Birsaa Baayina birsagaa


1 ana a , na Birsaga lama
2 Aanaa aa,naa Birsaga lama
3 Foon foon Birsaga tokko
4 Ejersa e, jer, sa Birsaga sadii
5 obboleettii Ob ,bo,leet,tii Birsaga afur
Qaamolee birsagaa

Birsagni qaamolee urguddaa lama qaba. Isaanis ka’um saafi giddu galeessa Giddu galeessi
birsagaa ammo utubaafi cufaatti qoodama .Qaamoleekanas Caatooo kanaan qadiitiin aarsiisuu
dandeenya.

Birsaga Ka’umsa = dubbifamaa


Giddu galeessssa Utubaa = dubbachiisaa
Cufaa = dubbifamaa

Fkn:- Gurgure = gur, gu, re

B1 B2 B3
K G K G
K G
G U C r U C
U R g U C e

Hennaa

Gochi tokko yeroodhaan raawwatama. Ochi kun kanaan dura kan raawwatame ykn gara
fuulduraa kan raawwatamu ta’uu danda’a .Ammaaf kutaalee kana jalatti henna lama ilaalla.

A. Henna A mmeennaa
Ammeennaan gocha ammma raawwatamaa Jiru ykn yeroo mara dhuaa ta’e kan
agarsiisu ykn gara fuula duraa raawwatamuuf jiru mul’isa.
Fkn:- daamaan Finfinnee irra gara bahaatti arama.
-Ibiddi ni uba.
Faaxumaa ganamaa gara mana barumsaa deemti.
B. Hennaa Amsiigaa
Amsiigaan ocha hin raawwatamne ykn yeroo gabaabaafis ta’e yeroo dheeraadhaf
raawwatamaa jiran mul’isa.
Fkn:- Ani barreessaan jira.
-Tolaan qotaa jira.

FufiileeAfaan oromoo keessatti fufiileen jecha duratti ykn boodatti fufamuudhaan bifaafi ykn
hiika jechaachaani jijjiiru.
Haaluma kanaan fufiilee duraa ( Prefix) fi fufiilee boodaa ( suffix) jedhamanii waamamu.
Fkn:- Firummaa = fir – ummaa
Walbeeku = wal – beeku.
Latoo/ Dhamjecha
Himoota armaan adii albeeffadhuu ilaali.
Fkn:- A. Jabbichi hodhe
b. Fayyisaan qotiyyoo isaa nyaachise hima ‘a’ keessatti jechi jabbichi jedhu latiilee jab -+- ichi
kan jedhu rraa ijaa rame . Hima ‘b’ keessatti fechi nyaachise jedhu latiilee nyaat -+ - siis -+ - e
jedhaman latiilee sadiirraa kan ijaara medha . Himoota kana keessatti latiin inni jalqabaa hiika
mataa isaa waamqabuuf of danda’ee kophaa isaa kan dhaabbatu waan ta’eef latii walabaa
jedhama. Latiileen kan akaa /-ch / Fkn’ a’ keessatti kan argaman ,/-s / ,/-e / kan fakkeenya
‘b ‘ keessatti araman fakkaatan latii walabaatti hidhaman malee , kophaa isaanii dhaabbachuu
hin danda’an. Hiikas hin qaban . kanaafuu , latii walabaa jedhaman.
Gaalee

Jechoonni wal –ta’anii caasaalee baay’in aafi bal’ina isaaniirraa uddaa ta’an ijaarra chuu
danda’u . Caasaalee kana keessaa in ni tokko gaalee dha . Gaaleen wal-hammannaa ykn waliin
argama jechootaa kan hojii tokko rawwatani dha.

Gaaleen Wal – hammannaa jechootaati haajennu malee , El –hammannaa hundaan ammo


gaaleedha Jechuun rakkisaadha. Wal- hammannan gaalee ta,uu danda’uun ulaagaa guutan
qabu. Isaanis ulaagaa wal- hidhiinsaa , ulaagaa bakka bu’iinsaati ulaagaa socho ‘iinsaati. Gaalee
jedhmuuf ulaaaalee kan dadan wal-faanaguutuunis dirqama miti.

Caasaan tokko sadan isaanii keessaa ulaagaa tokko guunnaan gaalee ta’uu danda’a.

Fakkeenyaaf ulaagaa sochoiinsaa haailaallu.

a. Bishaan [ fayyaa namaatiif ]


b. Dubartiin ogeettin[ utubaa manaa] ti.
–Fakkenya ulaagaa bakka bu’iinfaatiin haa ilaallu.
A [dargaeeyyiin seexaan guutuu]
Utubaa hawaasa tokkooti.
B,[Isaan ] utubaa hawaasa tokkooti.
Fakkeenyi a). jalatti kan hammattuu keessaa gaalee dha.Gaalichi b). jalatti bamaqaa
isaan jedhuun bakka bu’amee jira. Fakkeeny aulaaga wal-hidhiinsaatiin haailaallu.
A sangaa diimaa guddaa kaleessa argine sana
Akaakuu gaalee Afaan Oromoo akaakuu garee jechoota afaanichaa bu’uureffata
jechoonni afaanichaa keessa jiran maqaa maqibsa, durduubeef gochima jechuun bakka
afuritti qoodamu.

You might also like