You are on page 1of 22

KUN BIIROO BARNOOTAA BULCHIINSA

MAGAALAA FINFINNEETIIN
QOPHAAHEE TVn KAN ISINII DHIYAATU
BARNOOTA SAAYINSII NAANNOO
KUTAASADAFFAA SEEMISTEERA
LAMMAFFAATI

BOQONNAA -3 SOCHIIWWAN NAANNOO


KEENYAA
BOQONNAA -3
3.1. QONNAA

• Biyyeefi Oomisha midhaanii


Biyyeen oomisha midhaanii keessatti kan baayyee
barbaachisaan keessaa tokkodha. Biyyeen hidda biqilootaa
akka sirriitti lafatti gadi qabatee dhaabbatu gargaara.
Itti fufaa…

• -Waantoota guddina biqilootaafis


barbaachisan kanneen akka albuudaa,
nyaataafi bishaan biqilootaaf karaa hiddaatiin
akka argatan ni gargaara.
-Biyyeen hammaa suudoowwan isaaniirratti
hundaahuun gosoota sadiitti qoodamu.
Biyyeen guddina biqilootaaf baayye
barbaachisu biyyee soondii ti.
Biyyeen soondii amaloota biqiltuun akka gaariitti
guddatu taasisan qaba. Isaanis:
1. Biyyeen kun ulfaatina waan hin qabneef irratti
hojjechuuf salphaa dha.
2. Hiddi biqiloota salphaatti gadi seenuu danda’a,
3. Bishaan of-keessatti waan qabatuuf dafee hin gogu,
4. Bo’oo baasuuf salphaa waan ta’eef lolaan hin
dhiqamu,
5. Nyaata biqiltuuf ta’u qaba .
itti fufaa….

Oomishinni midhaanii kalattiin biyyee waliin


walqabata. Kanaafuu, hojiin qotiisaa haala
biyyeef kunuunsi taasifanuun gaggeeffamuu
qaba. Kana ta’uu baannaan gabbinni biyyee
ni hir’ata.
Biqiloota Dhaabuufi Kunuunsuu
Madabii Sanyii Qopheessuu
-Sanyiin faca’u erga qophaahee booda sanyii biqilchuuf
madabiin qophaahuu qaba. Madaba biqiltuu
qopheessuuf:
-Bakka sirrii filachuu
-Lafa ciruun(qulqulleessuu)
-Qotuu(shooggoruu)
-Madabii qopheessuufi
-Sanyii facaasuu dha.
Bakki oomisha biqilootaaf filatamu:,
-bakka diriiraa,biyyee gabbataa(soondii) qabu,
-bishaan gahaa qabu,
-hiddi mukkeen gurguddoo hin argamne,
-bubbee hamaa hin jirree,
-ilbiisotni biqiloota miidhan hin argamneefi mijaahaa
ta’uu qaba.
Ciruufi Qulqulleessuu: Bakki madabii sanyiif
qophaahu filatame dursanii ciruun qulqulleessuun
qotuuf akka mijaahu gochuun barbaachisaa dha.
Qotuu :lafa sirriitti qulqullaahe irra deddeebi’anii
bulleessanii qotuun kosiiwwan adda addaas itti
dabaluunis barbaachisaadha.
Itti fufaa…

• Madabii Qopheessuu:Lafa sirriitti bullaahee


qotame madabiitti qoqqooduun
barbaachisaadha. Madabii gidduutti dandii
qal’oon jiraachuu qaba. Faayidaan isaas:
- keessa socho’anii bishaan obaasuu hordoffiifi
-aramaa aramuuf.
- Bal’inni madabichaas 1meetira tokko yoo ta’e
filatamaadha. Dheerinni isaa garuu haala qabatamaa lafa
sanaarratti hundaahee qophaahuu qaba.
-Walakkaa yookiin gidduu madabaatti aramuufi bishaan
obaasuuf akka toluuf lafa duwwaa 30cm-40cm ta’u
hammbisuun barbaachisaadha
Sanyii Facaasuu: Erga madabiin qophaahee booda
sanyiin karaa lamaan faca’uu nidanda’a.Isaanis:
1. Tooraan
2.Bittinsuun
1. Tooraan: Oomisha gaarii argachuuf tooraan
facaasuun barbaachisaadha.
-Sanyii tooraan facaasuun:
-biqilootni nyaataafi bishaan akka walhin saamne ,
- aramuufi shooggaruuf mijata.
-Akkasumas,oomisha gahaa akka kennuuf gargaara.
2. Bittinsuun facaasuu: Bittinsuun yeroo faca’u
bakka tokkotti yabbatee iddoo biraatti immoo
haphachuu danda’a. Bakka baayyee yabbatetti oomisha
barbaadamu argachuun rakkisaadha.
Biqiloota Dabarsanii Dhaabuu
Biqiloota madabarratti guddatanis dabarsanii dhaabuun
barbaachisaadha. Biqilootni dabarfamanii dhaabamanis
hiddi isaanii akka hin daddachaane eeggannoo gochuun
barbaachisaadha. Biqilootni dabarfamanii dhaabamanis
bishaan obaasuu, xaa’oo yookiin kosii naquu, aramuufi
shooggoruun kunuunsuun baayyee barbaachisaadha.
Itti fufaa…
• Gaaffilee armn gadiif qubee deebii sirrii qaba jettu fili.
1. Kan armaan gadii keessaa tokko sochiiwwan naannoo
keenyaa miti?
A, Qotiisa B, Horii horsiisuu
C, Daldala D, deebii hin qabu
2. Faayidaa biyyee soondii kan ta’e kami?
A, Irratti hojjechuuf salphaadha
B, Bishaan salphaatti of-keessatti qabata
C, Hiddi biqiltuu salphaatti gadi seenuu danda’a.
D, Hunduu deebiidha.
Itti fufaa….

3. Kanneen armaan gadii keessaa tokko yeroo


biqiltuu dabarsanii dhaaban of-eeggannoo
taasifamuu qabudha?
A, Bishaan obaasuu B, Hiddi isaa akka hin
daddachaane gochuu
C, Aramaa keessaa buqqisuu
D, Hunduu deebiidha.
Itti fufaa…

II. Gaaffiiwwan armaan gadiif deebii sirrii


kenni.
4. Madabii sanyii qopheessuuf hojiiwwanj duraa
duubaan hordofamuu qabu tarreessi.
5. Bakki madabii biqiltuu qopheessuuf
filkatamuu qabu kan akkamii ta’uu qaba?
6. Faayidaa biqiltuu tooraan facaasuun qabu
tarreessi.
Itti fufaa…
• DEEBII
1. D 2. D 3. D
4.- bakka sirrii filachuu
• Wantoota lafa irra jiran ciruu(qulqulleessuu)
• qotuu(shooggoruu)
• madabii qopheessuu
• Sanyii facaasuu
Itti fufaa….
5. bakka diriiraa fi olka`aa hintaane
• bakka biyyee gabbataa sondii
• bishaan ga`aa kan qabu
• bakka hiddi biqiloota gurguddoo hin geenye
• bakka bubbee hamaan hin jirre
• bakka kunuunsuu fi ilbiisota adda addaa irraa
ittisuuf mijaawaa ta`e fa`a
6. biqiloonni qilleensaa fi nyaata gahaa akka argatan
taasisa

You might also like