You are on page 1of 25

Yaadannoo gabaabaa fi Gaaffilee Shaakalaa Koorsii

Manneen Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Marsaa


Duraa Keessatti Herrega Barsiisuu II( TeMa(LP) 342)
Qophaa’e.

Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Shaambuu


1. Fiqiruu Gurmuu
2. Habtaamuu Zallaqaa
3. Alamtaayyee Fiqaaduu

Ebla 2012

1
BOQONNAA 1
1. Gahumsa Bu’uura Godhachuun Malleen Baruu Barsiisuu Gara Garaa fi Iyyafaannoo Walitti
Fuufa Gargaramuun Safaroota Barsiisuu
Safartoota barsiisuuf kaadhimamtoota hubannoo gahaa akka argatani gochuuf, safartoonni bakka saditti
qoodamanii dhiyaatu. Isaanis, safartoota dheerinaa, safartoota hangaa qabeefi safartoota kofa dha.
Gahumsa Eegamu: Xumura barnoota boqonnaa kanaatti kadhimaamaa barsiisaa/tuu
✓ barattoota isaaniif yaadrimee safaroota barsiisuuf malleewwaanii fi taarsiimollee
iyyaafaannoo akkaataa itti faayadamaan ni beeka/tti;
✓ malleeniif taarsiimolee iyyaafannoo itti fayyadamee yuunitoota:- dheerinaa, kofaa, yeroo,
hangaa, bal’inaa, qabee, fi maallaqaa ni barsiisa/tti,
✓ malleenii fi meeshaaleewan mijaahaa ta’an addaan baafachuun yuunitoota dheerina walta’aa
fi walta’aa hin taaneetti fayyadamuun ni safaruu.
✓ karoora barannoo, mat-duree qabiyyee kutaa 1-4 keessaa filachuun meeshaaleewwan baruu
barsiisuu fi taarsiimollee iyyafaannoo mijaahaa ta’an qopheessuun walii-walii isaan ni barsiisa/tti,
✓ malleen fi tooftallee iyyaafannoo mijaahaa ta’an qopheessuun Yuunitoota adda addaa gara yuunitii
birootti jijjiiruun fayyadamuun barattoota isaaniif akkaataa itti barsiisaan ni agarsiisa/tti.
1.1. Yuunitoota Walta’aa Hintaane Fayyadamuun Safaroota Barsiisuu.
Namoonni durii otoo meeshaaleen ammayyaa hin jiraatiin dheerina waan tokkoo baruuf qaama isaanii fi
fayyadamaa turani
Yuunitoota safara dheerinaa waaltaawaa hintaane kanneen ta’an dhumdhuma, taakkuu ,tarkaanfii, faana ,
funyoo, ulee, kaballaa harkaa fi kkf dha.
Mala baruu barsiisuu: Gareen shaakalsiisuu
 Dheerina gabatee gurraachaa,minjaala,hojjaa fi dalgee daree,Muujula,yuunitoota walta’an hin
taaneen gargaaramanii barattoonnii adda addaa dareetti akka safaran gochuun midhaa fi faayidaa
yuunitoota kanaa akka himan godhi,
Faayidaa Yuunitoota Walta'aa hin taane; yeroo hundaa nu faana waan ta'aniif bakka deemneetti itti
gargaaramna
Midhaa (Disadvantage ) Yuunitoota Walta'aa hin taane; Namaatii namattii fi bakkaatii bakkatti
garaagarummaa waan qabaniif Safara sirriin hin argannu.

2
.1.2 Yuunitoota Walta'aa fayyadamuun safartoota Dheerinaa Barsiisu
 Yuunitoota Safara dheerinaa Waalta’aa (Safartoota ammayyaa) kan ta'an : milimeetraa(mm),
santimeetraa (cm) fi meetraa (m) fi kkf dha.
Sarartuu fayyadamuun Dheerina hiriyoota isaanii,Dabtara isaanii ,Dheerina isaanii,Dalgee daree isaanii
Barattoonni adda addaa akka safaran Shaaklsiisi.
Faayidaa yuunitoota Waalta'aa : Iddoo adda addaattii fi namoota adda addaa gidduuttii safarrii
gaggeeffamuu garaagarummaa guddaa hin qabu(Safara sirrii arganna)..
1.3 Yuunitoota Dheerinaa Barsiisuu
Yuunitoonni dheerinaa meetira , kilo metira (km) ,seentii metra (cm) , milii metra(mm) , dessii metra (dm)
maayilii , bara ifaa fi kkf dha. Hariiroo isaanii
1km = 1000m, 1m = 10dm, 1dm = 10cm, 1cm = 10 mm dha
Kana irratti hundaa’uun barattoonni kee kanneen armaan gadii akka hojjeta godhi
Fakkeenya a.0.5km = 500m b. 0.5km = 100000cm c. 0.5km = 500000mm
d. 3m = 300cm e. 3m = 3000mm f. 1km2 = 1000000 m2
g. 1m2 = 10000 cm2 h. 1cm2 = 100mm2
1.4.Yuunitoota Dheerinaa Ida’uu Barsiisuu
Mala baruu barsiisuu: Marii Garee
Qajeelfama hoordofamu qabu.
 Barattoota gareetti qooduun garee murasaaf yuunitii walfakkataa fayyadamuun wantoota adda addaa
lama safaruun walitti hammam akka ta’u akka shallagan gochuu.
 Barattoonni wantoota adda addaa lama safaruun walitti hammam akka dheeratan akka himan
gochuu.
Fakkeenya:- Gaaffilee armaan gadii ida’i.
a. 212m + 978m = 1190 m b.1km + 800m = 1km + 0.8km = 1.8km
1.5.Yuunitoota Dheerinaa Wal Irraa Hir’isuu Barsiisuu
Mala baruu barsiisuu: pirojakti
Qajeelfama hordofamu qabu.
 Barattoonni dheerina funyoo akka safaran taasisuu. itti aansuun hamma ta’e irraa akka kutuun tasiisi.
 Funyoo hafee akka safaraan godhi. Gocha raawwataan kana irraa maal akka hubataan gaafadhu,
dheerina hir’isuu hubachu isaanii mirkaneefadhu.
Fakkeenya. 1. Fo’aa 90cm dheeratu irraa kan 30cm dheeratu yoo kutte, inni hafe hammam dheerata?
90cm – 30cm = 60cm
3
2. Awutoobisiin tokko karaa 85km fagaatu deemuuf ka’ee 45km erga deemee booda dhaabate
bakka yaade ga’uuf km meeqatu isa hafe?(dhuunfaan shaakali)
1.6.Yuunitoota Kofootaa Barsiisuu
1.6.1. Hiikoowwan Kofootaa
Hiikoowwan sirnawaa:
 Barattoonni harka isaanii akka walqaxxaamuran taasiisi;
 Sararoonni walqaxxaamuran lamaan dabtaraa isaanii irraatti akka ijaaraan godhi;
 Deebii gocha barattoonni hojjetan irratti hundaa’uun kofa hiikuun danda’ama:
• boca sararoota walqaxxaamuran lamaniin uumamu;
• bakka/iddoo sararoota walqaxxaamuran lamaan gidduu jiru.
1.6.2. Koofootaa Safaruu Barsiisuu.
Meeshaan ittiin kofa safarru Pirootiraaktara jedhama
Qajeelfama hordofamuu qabu.

 Pirootiraaktarii dareetti fiduun safaruu shaakalsiisuu fi bu’aa argame garee fi daree guutuuf akka
qoodan godhi.
 Iskeeloota pirootiraaktarii lamaan fayyadamuu keessatti tarii kofoota xixiqqaa (digirii 90) gadi jiranii
fi kofoota guguddaa digirii 90 fi 180 gidduu jiran safaruuf wal nama jalaa dhahuu danda’a.
1.6.3. Qoqqoodama Kofootaa Barsiisuu
Kofoonni hamma safartii isaanii irratti hundaa’uun bakka shanitti qoodamu
Isaanis
 Kofa akkiyuutii gidduu 00 fi 900
 Kofa sirrii hammi kofaa walqixa 900
 Kofa obtiyuusii gidduu 900 fi 1800
 Kofa qajeela hammi kofaa walqixa 1800
 Kofa rifileeksii gidduu 1800 fi 3600
4
Fakkeenya:- Kofa armaan gadii hamma safarrii digrii irratti hundaa’uudhaan maqaa kofootaa barreesi.
. 390 = kofa akkiyutii b. 1110 = kofa obtiyusii . 900= kofa sirrii
d. 1800 = ______ . 2930 = _______( hojjedhu)
1.6.4. Kofa Sirrii Barsiisuu
Kofti sirrii kofasafarri isaa digirii 90 ta’e dha.
Qajeelfama: Yaadrimee kana barsiisuuf qajeelfamaa armaan gadii hordoofuu ni danda’ama.
 Kofti roga dalgeefi dheerina gabatee boronqii keessan gidduu jiru akka safaraan gochuu.
 Waantoota kutaa keessa jiran kofa sirrii fakkaatan akka ibsaan taasisuu fi Sarartootti gargaaramanii
kofa sirrii fakkeessuu akka shaakalan gargaaruu, akka gareen hojjetaan haala mijeessuu.
1.7. Yuunitoota Yeroo Barsiisuu
yuunitootaa yeroo baay’ee beekamoo ta’an sakondii, daqiiqaa, sa’aatii, guyyaa, torbee , ji’a, waggaa yeroo
ta’an hariiroon gidduu isaanii jirus:-
1daqiiqaa = 60 sekondii 1 sa’atii = 60 daqiiqaa
1 guyyaa = 24 sa’aatii 1 torbee = 7 guyyaa
1 ji’a = 30 guyyaa = 4 torbee 1 waggaa = 12 ji’a = 365 guyyaa
1.7.1. Sa’aatii Dubbisuu Barsiisuu
Mala baruu barsiisuu: Taphoota (games): Qajeelfama: Barattoota afuritti modeela yookaan fakkii sa’aatii
kenni fuuldura barattoota akka bahaan godhi.
 Xiyyi sa’aatiin kiyyaa lamaanuu kudhalama agaarsisa.
 Namni xiyyi sa’aatiin isaa harki dheeraan 10 harki gabaabaan immoo 10 kan agaarsiisu kan
eenyuuti?
 Namni moodela sa’aatii kana qabu kiyyaa jechuu qaba yookaan taphaa alaa ta’a.
 Namni xiyyi sa’aatiin isaa harki dheeraan 15 harki gabaabaan immoo 10 kana garisiisu kan
eenyuuti?
 . Namni moodela sa’aatii kana qabu kiyyaa jechuu qaba yookaan taphaa alaa ta’a.
1.7.2. Kaalandarii Salphaa Barsiisuu
Qajeelfama: Yaad rimee kana barsiisuuf gabatee kaalandarii irraa guyyootaa adda addaa akka dubbisan
gochuun jalqabu ni danda’ama.
 Mata duree kana keessatti waa’ee kaalandarii sassalphaa fudhachuudhaan gara kutaatti fiduun
barattoonni akka guyyaa irraa ilaalanii himan gochuu.
 Itti aansuudhaan gaaffilee kennaman gareedhaanis ta’ee mata mataan akka hojjetan qoqqoodii
kenniif.
5
 Dabalatanis guyyaa karaa gabaabaa ta’en akkamitti akka barreessan ibsiif. Fakkeenya adda addaa
fudhachuudhaan itti agaarsiisi.
1.7.3. Safaroota Yeroo Ida’uu fi Hir’isuu Barsiisuu
Mala baruu barsiisuu: Taphoota rakkoo hiikuu (Puzzles)
Qajeelfama: Waraqaa shaakalaa gaaffilee himaan ibsaman deebii barbaadan barattootatti kenni.
Fakkeenyaaf:
 Sa’aatii kamtu dheeraa dha? Sa’aatii 2:30 dha moo daqiiqaa 6,000 dha? Deebii= sa’aatii 2:30
 Atileetiin tokko meetira 10,000 fiiguuf daqiiqaa 27 fi sakondii 32 itti fudhate. Atileetii dhumti kun
dheerina kana fiiguuf guyyaa biraa daqiiqaa 26 fi sakondii 45 itti fudhate. Atileetiin kun ariitiin
dabale moo hir’ise? Maaliif? Deebii = ni dabale sababiin isaa daq27fi sek 32 > daq26 fi sek45
 Barsiisaan herregaa barattoota isaa ganama sa’aatii 2:30 irraa jalqabee hamma 5:45tti yoo qo’achiise
sa’aatii meeqa barattoota isaa qo’achiise? (shaakali)
1.7.5. Guyyaa, Torbaan, Ji’aafi Waggaa Barsiisuu
Hariiroo guyyaa, torbee, ji’aa fi waggaa sirriitti erga hubachiiftee booda kan beekanirraa ka’uun bifa
gaaffiifiin dhiyeessuufiin gaarii dha.
Qajeelfama hordofamuu qabu:
 Yaad-rimee kana barsiisuuf gaaffilee yeroo wajjin kan walqabate barataa keessaa gaaffii
gaafachuudhaan jalqabi. Itti aansuudhaan taatoo yuunitoota yeroo gargaaramuudhaan waa’ee
yuunitoota yeroo irratti ibsa kenniif.
 Kana booda barattoonni garee gareedhaan akka irratti mari’atanii yaada isaanii waliif ibsan godhi.
 Barumsicha baayyee ifa taasisuuf gaaffii dabalataa gaafachuudhaan akkasumas gaaffii isaan gaafatan
fudhachuudhaan irratti ibsaa kenniif.
Fakkeenyaaf: 2. Minjaala tokko hojjachuuf torban tokko fudhate. Hojiin kun guyyaa meeqa fudhate?
Deebii = guyyaatorba
1. Waggaa tokko keessatti wayitiin barnootaa gara ji’a 10ti. Wayitiin barnootaa waggaa
torbaan meeqaa ta’a? guyyaan hoo? (shaakali)
1.8 Yuunitoota Hangaa Barsiisuu
Meshaaleen hanga ittiin safarru madaala hangaa yemmuu jedhamu safara hangaa keessaattis yuunitootni
hangaa bu’ura ta’an ni jiru isaanis:- kiloogiraama(kg) , giraama (g), milii giraama(mg) , seentii giraama(cg),
kintaala(ku), toonii fi kkf. Dha.
Hariiroon isaanii:- 1kg = 1000g , 1g = 100cg , 1cg = 10mg , 1ku =100kg

6
1.8.1 Safaroota Hangaa Waliin Madaaluu Barsiisuu
Yuunitoota hangaa gosa adda addaa ta’an gara yuunitii tokkootti fiduun lakkoofsota isaanii wal-
madaalchisuun barsiisuun ni danda’ama
Gaaffii isaanii kennuun akka shaakalan haala mijeessi.
fakkeenyaaf:-1. Bakka duwwaatti >, < yookiin = barreessuun waliin madaali.
a. 12ku ___ 5000kg b. 20t 9ku ____ 20899kg (shaakali)
12x100kg____5000kg
1200kg < 5000kg
2. Loomituu, Siddisee fi Leensaan buna gurgurachuuf gabaa deeman. Haaluma kanaan Loomituun
buna 50kg, Siddiseen buna 11kg, Leensaan buna 36700gm gurguratan
 Eenyutu buna baay’ee gurgurate? Deebii = Loomituu
 Eenyutu buna xiqqoo gurgurate? deebii = Siddisee
 Hanga buna gurguramee xiqqaa irraa gara guddaatti tartiibaan barreessi. (shaakali)
1.9. Safara Qabee Dhangala’oo Barsiisuu
Dhangala’oo kanneen jedhaman bishaan, zayitii, aannan, boba’aa adda addaa, daadhii, farsoo fi kan kana
fakkaatani dha. Meeshaan ittiin dhangala’oo safarru siliindarii safaraa jedhama.
Dhangala’oo xiqqoo ta’aniif yuunitii miliiliitiriitti yoomuu gargaramnu, dhangala’oota baay’ee ta’an immoo
liitiriin safarra.
Mala baruu barsiisuu: Gaffii-Afaan
 Qabee siriinjii yuunitii dhangala’oo maaliin akka safaraan gaaffadhu.
 Zayitaa fi gaazii bituuf maatiin keessaanni maaliin safarsiisu jechuun gaafachuu.
Fakkeenyaaf:- Barattoonni waan baratan safaroota dhangala’oo yuunitoonni isaanii tokko hintaane gara
yuunitii tokkichaatti jijjiiranii akka walitti ida’an, walirraa hir’isan hubannoo argachuu isaanii
mirkaneeffachuuf
a. 7 = ___ m b. 5,000 m = ____ .
c. kusaan boba’aa tokko boba’aa 5,000 otoo 2,500 fi 1,000 m keessaa gurguramee kan hafu hammami?
1.10. Yuunitoota Maallaqaa Barsiisuu
Maallaqa jedhuun kan namni guyyaadhaa guyyaatti jireenya isaa keessatti ittiin gargaaramu, ittiin waan
barbaade bitee qabeenya isaa immoo itti gurguratu dha. jireenyi ilmaan namaa gocha inni sochii dinagdee
keessatti raawwatu wajjiin wal qabataa dha.
Mala baruu-barsiisuu: Diraamaa fi Gahee Taphachuu
7
Meeshaalee Deeggarsa barnootaa:
✓ noottii qarshii Itoophiyaa adda addaa;
✓ moodela noottii qarshii Itoophiyaa agarsiisan;
✓ kardii filaash halluu adda addaa qaban.
Qajeelfama hordofamu qabu:
 Barattoota garee nama lama lamaatti qooduun wantoota daree keessatti argaman bituu fi gurguruu
akka shaakalan gaafadhu.
Fakkeenya:- Tolaa:- saamuna qabda? Caalaa ;- nan qaba
Tolaa:- Gatiin isaa meeqa dha? Caalaa;- Gatiin isaa Qarshii _____ _ dha.
1.10.1. Yuunitoota Maallaqaa Walitti JiJJiiruu
 Gosa dinaarota maallaqa Itoophiyaa amma hojiirra jiran
Dinaara saantiima 1 Dinaara saantiima 5 Dinaara saantiima 10 Dinaara saantiima 25
Dinaara saantiima 50 fi Dinaara qarshii 1
 Gosa noottota maallaqa Itoophiyaa amma hojiirra jiran
Qarshii 5, Qarshii 10, Qarshii 50, fi Qarshii 100 dha.
Maallaqa kennaman gara sharafa xixiqqaatti jijjiiruun qarshii fi dinaaroota adda addatiin bakka buusuudhaan
akka shaakalan godhi.
Fakkeenyaaf
a. Qarshii 20 = Noottiin qarshii kudhanii 2 ta’a b. Qarshii 20 = Noottiin qarshii shanii meeqa.? 4 ta’a
c. Qarshii 20 = Noottiin qarshii tokko meeqa .? 20 ta’a d. Qarshii 20 = Saantiima 50 meeqa.? 40 ta’a
1.10.2. Maallaqa Ida’uu fi Hir’isuu
Mala baruu barsiisuu: Taphota (Games)
Qajeelfama:
 Barattoota garee lama lamaan qoodi. gareen tokkoon tokkoon gaaffii himaan ibsamu kan mataa
isaanii qabatanii gara daree akka dhufan itti himi.
 Gaaffileen himaan ibsamanii fi barattoonni fidan kunniin ida’uu fi hir’isuu kan of keessatti
hammatan akka ta’anii fi qooda fudhattoota lama lama akka qabaatan gochuun shaakalsiis.
Fakkenyaaf:- Gabatee gurraacha irratti hangaalee maallaqaa adda addaa kan akka:
Qarshii 1.00, Saantiima 0.50,
a. 50san. + 50san.
b. 50san. + 25san. + 2 san.

8
c. 25san. + 25san. + 25san. +25san.
d. 5san. + 5san. + 5san. + 5san. + 5san. + 25san. + 50san.
Qabxii Mirkaneeffannaa
. Bakka sirrittii hubatte Mallattoo √ kaa'i
lakk Yaada
1 Maalummaa safartootaa aadaa fi ammayaa dheerinaa fi hangaa
2 Hiikkoo kofaa , qabee, fi yeroo
3 Hariiroo yuunitoota yeroo
4 Akaakuuwwan kofootaa fi hariiroo yuunitoota hangaa
5 Hariiroo yuunitoota dhangala’oo

BOQONNAA 2
Gahumsa Bu'uura Godhacuun Malleen Baruu Barsiisuu Garaagaraa fi Iyyafannoo
Gargaaramuun Bacoota Diriiroo Barsiisuu .
Gahumsa boqonnichaa:- Xumura barnoota boqonnaa kanaatti kaadhimaama barsiisaa/tuu:
 Malleewwan mijaahoo danaalee diriiroo; tuqaa, sarara, xiyya, rogsadee, rogbaay’ota
(rektaangilii, lskuweerii, parallaalogiraamii, tiraappiiziyeemii, roombasii fi kkf), sararoota
waltarree fi sararoota waliif parpandiikularii barsiisuuf fayyadan ni tarressu.
 Bocoota danaalee diriiroo barsiisuuf malleewwan mijaahoofi Meeshaaleewwan mijaahoo
ta’an addaan ni baafatu.
2.1. Tuqaa, Sarara, Diriiroo, Xiyyaa fi Kofoota Barsiisuu
Mata duree kun,barattoonni tuqaa ,Sararoota fakkeessuu fi moggaasuu akka
danda'an shaakalsiisuu dha.
Barattootni dabtara isaanii irrattii fiixee qubeessaatiin yoo tuqan , mallattoon waraqaa irratttii mul'ate
tuqaa akka jedhamuu itti himu.
Tuqaa : Tuqaan dootiidhaan fakkeessamuu danda'a
Tuqaa bakka waan tokkoo agarsiisa.
Tuqaan qubee guddaadhaan moggaafama. Fakkeenyaa . A (Tuqaa A)
Sarara : Qubee xiqqaa tokkoon yookiin tuqaa isaa irra jiru lamaanuu moggaafamu.
  Sarara AB yookiin AB
A B
Sararrii kallattii bitaa fi mirgaa itti fufaa dha.
9
2.2. Walqaxxaamuriinsa, Waltarrummaa, Parpandiikularummaa Sararootaa
Qajeelfamoota hordofamu qabu
Barattoonni wantoota naannoo isaanittii argaman irraa sarara waltarree fi parpandikuulaarii
fakkaatan akka tarreessan fi akka fakkeessan godhi.
Fakkeenya:- Sarara baaburaa-fakkeenya Sarara waltaree, koornariin lafa daree bakka sararootini lama itti
walqaxaamuran fakkeenyoota parpandikulariiti ti
 Sararoonnii Waltarree
 Tuqaa kiphaa hin qaban
 fageenyi gidduu isaanii jiru bakka fedheettii yoo Safarame walqixa.
 yeroo hunduma kallattiin hariiroo isaanii tokkuma.
 Sararootini lama diriiroo tokko irra jiran walqaxamuruu yoo baatan wal tarreedha.
 Sararootni walqaxaamuran lama yookiin lamaa ol tuqaa tokko waliin qabaatu.
 Sararoonnii walqaxxaamuran lama tuqaarratti walqaxxaamuran irrattii kofa sirrii(90 o)yoo
uuman Sararoota parpandikulaarii jedhamu. Parpandiikularummaa mirkanneefachhuuf
pirootiraaktaraan safaruun ni danda’ama.

Ppp

walqaxxaamurinsa parpandikularummaa Watarrummaa

2.3. Rog-baay'oota Salphaa Barsiisuu


Garaagarummaa karvoota banaafi karvoota cufamaa irratti akka mari’atan taasisi.
Walfakkatinni: rog-baay’een hundumtuu karvoota cufamaadha. Rog-baay’eewwanii fi karvoonni
banamaan yookiin cufamaan sarara dhaabbataa irraa hojjatamuu danda’u
Garaagarummaa: karvoonni cufamaan hundi tarii rog-baay’oota bakka bu’uu dhiisuu danda’u
2.4. Rog-Sadoota Barsiisuu
Mala baruu barsiisuu: Fakkii kaasuuf moodeela fayyadamuu.
Qajeelfama: Barattoonni rogsadee sarartuu fayyadamuun waraqaa irratti akka kaasan fi maqaa
akkamoggaasan taasisi.
2.4.1. Akaakuu rogsadeewwanii
Mala baruu barsiisuu: Garee Jiigsaawaa

10
 Rogsadee dheerina roga isaanii irratti hundaa’uun bakka saditti ramadamu.Isaanis
 Rogsadee rogootni sadanuu wal qixa hin ta’iin (iskeelanii)
 Rogsadee rogootni lama walqixa ta’iin (aysoosilasii)
 Rogsadee rogootni sadanuu wal qixa ta’iin (ikulaateraalii) dha.
Barattoota kee ida’amini kofoota keessoo rog-sade 180o ta’uu yaadachiisi.
Rogsadee Safara kofoota isaanii irrattii hudaa'uun iddoo sadittii qoodamu. Isaanis
Rogsadee safarri tokkoo tokkoo kofoota sadanuu 90 o gadii ta'e ( Rog-sadee kakkiyuutii)
-Rogsadee safarri tokkoo gidduu 90o fi 180o ta'e (Rog-sadee akkiyuuti
-Rogsadee safarri tokkoo gidduu 90o ta'e (Rog sadee kofa sirrii)

Maqaa Rog-sadee Diyaagiraamii Amala

Rog-sadee akkiyuutii  Kofoota akkiyuutii sadi


qaba.

Rog-sadee Iskaalanii  Dheerinni rogoota


sadeenii garagara

Rog-sadee ikilaateraalii  Tokkoo tokkoon safara


kofoota sadeenuu 60o
 Dheerinni rogoota
sadeenitis walqixa
 Rog-baay’ee sirnawaa
dha.
Rog-sadee kofa sirrii
 Kofoota sadeen keessa
tokko safari isaa 90o

11
Rog-sadee aysoosilasii  Safarri kofoota lamaa
walqixa. Rogoonni
fuullee kofoota walqixaati
argamanis walqaixa.

Rog-sadee obtiyuusii  Safarri kofa tokkoo


obtiyuusii dha.(gidduu
90o fi 180o)

2.5 Rekitaangilii Isikuweerii, Roombasii, Paraalalogiraamiifi TiraappiziyeemiBarsiisuu.


1.Waan adda addaa irraa rog-afree akka isaan bocan godhi. Fkn Muuka kuukutame, kaartoonii fi kkf
2.Gareen ta'uudhaan fo'aa fayyadamuun danaalee rogafree hojjechuun akka Shaakalan godhi.
2.5.1 Amaloota rog-afree Sasalphaa barsiisuu
Gabateen armaan gadii akaakuwwanii fi amaloota waliigalaa rog-afrroonni qaban agarsiisa.
Maqaa rog-afree Diiyaagiraamii Amaloota

Reektaangilii  Kofa sirrii afurii fi cimdooliin


rogoota walii fuullee dheerina
walqixaa qabu

Iskuweerii  Kofootini arfanuu kofoota sirrii


fi rogootini arfanuu walqaxa.
 Rog-afree sirnawaa dha.

Paraalaalloogiraamii  Cimdooliin rogoota lama


waltarree fi dheerina walqixaa
qabu.

Rohombasii  Rogoonni arfanuu dheerina


walqixa qabu

12
Traappiiziyeemii  Yoo xiqqaate rogoonni cimddii
tokko waltarre dha.

kanneen armaan gadii sirrii dha.


a) Iskuweeriin kamiiyyuu reekitaangilii dha. c. Reekitaangiliin kamiiyyuu iskuweerii miti
b) Paralaallogiraamiin kamiiyyuu roombasii miti d. Iskuweeriin kamiiyyuu roombasii dha.
e . Roombasiin kamiiyyuu iskuweerii miti.

2.6. Naannawaa fi Bal’ina Rektaangilii fi Iskuweerii Barsiisuu

Barattoonni naannawaa deeskii isaanii , mudhii isaanii, kutaa keessattii baratanii fo'aadhaan akka safaran
gochuun fo'icha immoo sarartuun safaruun saantiimeetirii meeqa akka ta'u .
shaakalsiisuu. Barattootini naanawaa akka hubatan mikaneefadhu. kana jechuun naannawaani dheerina
daandii(path) boca marsee dha.

Reekitaangilii Iskuwerii

4cm
3cm 2cm
Naannawaa (N)= 3cm + 4cm + 3cm +4cm =14cm Naannawaa(N) = 2cm + 2cm + 2cm + 2cm= 4(2cm) = 8cm

2 .6.1. Bal’ina Rektaangilii fi Iskuweerii Barsiisuu


Bal’inni hamma bal’insaa (region) daandiin marfameeti.
Qajeelfama: Bal’ina rektaangiliifi Iskuweerii kenname barbaaduuf Danaan armaan gaditti argitan
rektaangilii dheerinni isaa 5cm fi dalgeen isaa 3cm ta’e kenname keessaa keesstii

1. Rektaangiliin kun: Iskuweerii xixiqqoo dheerinaafi dalgeen isaa 1cm ta’etti qoqqoodameera.
2. Dalgeen rektaangilii bakka 3tti fi Dheerinni bakka 5tti qoodamerra. kanaafuu 3cm x 5cm=15
3. Rektaangiliin kun iskuweerii xixiqqoo 15 qaba . Waliigala bal'inni rektaangilii kana 15 ta'a

b Bali'ina Rektaangilii B Bali'ina Ikuweerii

a B= a xb a B= s xs = s2
13
Fkn1. Caalaan lafa rektaangulaa’aa ta’ee dheerinni isaa 120m fi dalgeen isaa 105m ta’e abbaa
isaairraa fudhate. Bal’inni lafa Caalaan abbaa isaa irraa argatee hammam ta’a?
Deebii : a = 120cm, b = 105cm B = a xb = 120cm x105cm = 12600cm 2
2. Mooraan mana barumsaa tokko bifa iskuweerii ta’ee dheerinni roga isaa 80m yoo ta’e, bal’inni
mooraa kanaa hammam ta’a?
2
Deebii ; S= 80m , A = SxS = S = 80cmx 80cm = 6400cm2
2.7. Geengoowwan Barsiisuu
Mala baruu-barsiisuu : Taphannaa
Waa'ee Geengoo Barsiisuuf dursa kanneen armaan gadii barattootni akka raawwatan godhi.
1.Gareen ta'anii Meeshaalee boca Geengoo qaban akka tarreessan godhi Fakkeenya: dinaarota,
2. Geengoo Waraqaa irrattii akka fakkeessan Shaakalsiisuun hundhuura isaa akka agarsiisan gargaari
3. Kompaasittii gargaaramuun Geengoo fakkeessuu .
2.7.1 Raadiyasii,Diyaameetirii fi Koordii Geengoo Barsiisuu
Fakkenyaaf: Goommaa Saaykiliifi Raajii Saaykilii fayyadamuun hariiroo raadiyasii, diyaameetiri, geengoo
gidduu jiruu ibsuun jalqabuu ni danda'ama. F
Geengoon kun Geengoo ' O ' jedhama
 Tuqaa 'O' n handhuura jedhama.
.o ..
 Sararri tuqaalee Geengoo tokkorrattii argaman
lama walqabsiisuu koordii jedhama. E
 Sararrii dhaabbataa koordii dha.
koordiin inni handhuurarra dabruun tuqaalee geengoo lama walqabsiisuu Diyaameetirii jedhama. Sararrii
handhuuraa fi tuqaa geengoorrattii argamuu kamiyyuu walqabsiisuu Raadiyasii jedhama. Dheerinnii
raadiyasii walakkaa dheerina diyaameetirii

14
Qabxii Mirkneeffanna (Check-list
Bakka sirrittii hubattee Mallattoo √ kaa'i

lakk Yaada
1 Maalummaa fi Moggaasa tuqaa fi Sarara Barsiisuu
2 Hiikkoo fi fakkeenyoota Walqaxxaamuriinsa, Waltarrummaa,
Parpandiikularummaa Sararootaa barsiisuu
3 Qoodinsaa fi amaloota rogsadeewwanii barsiisuu
4 Amaloota,Garaagarumma fi walfakkeenyaa Rekitaangilii Isikuweerii,
Roombasii, Paraalalogiraamiifi Tiraappiziyeemi Barsiisuu.
5 Naannawaa fi Bal’ina Rektaangilii fi Iskuweerii Barsiisuu
6 Raadiyasii,Diyaameetirii fi Koordii Geengoo Barsiisuu

BOQONNAA 3
3.Gahumsa Bu’uura Godhachuun Malleen Barubarsiisuu Gara Garaa fi Iyyafaannoo Gargaaramuun
Kiyuubooyidootaafi Kiyuubota Barsiisu
Gahumsa Eegamu: Xumura barnoota boqonnaa kanaatti kaadhimaama barsiisaa/tuu:
✓ malleewwan mijaahoo jaboowwan adda addaa ittiin adda baasuuf gargaaran adda ni baafata/tti.
✓ moodeelota jaboowwan adda addaa kan akka kiyuubooydotaa, kiyuubotaa, piraamidootaa,
siliindarootaa,
koonotaafi dhuqunqulootaa barsiisuuf gargaaru ni qopheessa/tti.
✓ karoora barannoo malleen kubooydotaa, kuubotaa, piraamidootaa siliindarootaa, koonotaafi
dhuqunqulootaa
ittiin barsiifaman iratti ni qopheessa/tti.
✓ malleen kiyubooydotaa, kiyuubotaa, piraamidootaa siliindarootaa, koonotaafi isfeerotaa barsiisuuf adda
bahan hojii irra ni oolcha/tti.
Kaadhimamtonni barsiisota malleenii fi toftaalee iyyafaannoo adda addaa fayyadamun barattoonni
moodeela wantoota jajjaboo salphaa ta’an qopheessuun barattoota sadarkaa tokkoffaa marsaa tokkoffaa
barsiisuu ni danda’u.
3.1 Kiyuubooyidootaa fi Kiyuubota Barsiisuu.
Mala baruubarsiisuu: Fakkii Kaasuufi Moodeela Qopheessuu Qajeelfama hordofamu qabu:

15
Kuubooyidootaa
Saanduqni kibriitaa fakkeenya kiyuubooyidii yoo ta’u daayiin immoo fakkeenya kuubiti.
Garaagarummaan kiyuubooyidootaa fi kiyuubota, kiyubooyidiin fuulootni cimdii sadeen walitti galoo yoo
ta’an kiyuubiin fuulootni jahanuu walitti galoodha.Walfakkaatni isaanii lachuu baay’ina fuloota, baay’ina
qarqarootaa fi baay’ina varteeksootaa walqixa qabachuu isaaniti
3.2. Siliindaroota, Koonii fi Dhuqunquloota Barsiisuu
Mala barubarsiisuu: Garee Jiigsaawaa
Qajeelfama:
 Barattoota garee afuritti qoodi. Gareen tokkoon tokkoon keessaa barattoota afur afuriin ramadii
gareen tokkoo Kiyuubii irratti, garee biroon siliindara irratti, garee biroon Koonii, garee hafe immoo
Isfiirii irraatti ramadi.
 Moodeelota jaboowwan adda addaa armaan olii kennamaan agarsiisuun barattoonni waan naannoo
isaanii jiran jaboowwan wajjin walfakkataan akka tareesaan jajabeessuu.
 Barattoonni boca jajjaboo isaan ilaallatu mana barumsichaa keessaa akka barbaadan itti himi.
Kaayyoon shaakala kanaa boca jajjaboo isaan irratti ramadaman heddumminaan barbaadanii
argachuufi galmeessuu ta‘uu isaa itti himi.
 Barattoonni kalaqtoota akka ta‘aniifi cimanii jajjaboo isaan ilaallatu akka barbaadan jajjabeessi.
Waan irratti ramadaman ifa ta‘uufi yoo baate fakkeenya kennuun addeessiif.
BOQONNAA 4
Gahumsa bu'uura godhachuun Malleen baruu barsiisuu gara garaa fi iyyafannoo
gargaaramuun qabannaa daataa fi paatarnoota barsiisu.
Gahumsa Eegamu: Xumura barnoota boqonnaa kanaatti kaadhimaama barsiisaa/tuu:
 Malleewwan mijaahoo daataa, patarnootaa fi bocoota daataa ibsuuf gargaaran adda ni baafata.
 malleewwan mijaahoo qabannaa daataa, patarnoota daataa fi bocootaf oolan hojii irra ni oolcha/tti.
malleewwan daataa funaaname gabateefi chaartiidhaan bakka buusuuf haala ni shaakalaa/tti.
4.1. Daataa Funaanuu fi Qindeessuu Barsiisuu
Barattootni gaaffiilee M/b keessattii Daataa funaanuuf isaan gargaaruu akka adda baafatan godhi.
Fakkeenyaaf a. Waggaa meeqaffaa baratta? b. Umriin kee meeqa?
c. Obbolaa meeqa qabda? d. Qormaata Herregaa 20 keessaa meeqa argatte?
e. Gosti barnootaa ati jaallattu isa kami?
4.2. Daataa Qindeessuu fi Taalleessuu Barsiisuu
Giraafota fakkiilee kaasuuf qajeelfama armaan gadii hordofuu akka qaban yaadannoo keenni.
 Ragaa sassaabu
16
 Ragaa sassaabame kan bakka bu’u fakkii filachuu.
 Tokkoon tokkoon ragichaa fakkii meeqaan akka bakka bu’an murteessuu.
 Ragicha fakkii sanaan ibsuu.
 Giraafii fakkiilee sanaaf mataduree kennudhaan fakkiin tokko meeqa akkabakka bu’u miljalatti ibsuu.
 Beeyladootaa armaan gadii erga ilaaltanii booda gaaffii itti aanee jiru gareedhan mari’atanii
gaaffilee armaan gadii deebiisuun gabatee fi Giraafii ijaari.

1. Saroota meeqatu jira? 2. Adurree meeqa argitan? 3. Sawwaan meeqatu jira?


Fakkii Baay’ina taaliin Baay’ina Lakkoofsaan
Sarootaa //////////// // 17
Adurree //////////// /// 18
Sawwaan // 2

18

16

14

12

10 Saawwaan

8 Aduuree
Sarrootaa
6

0
Sarrootaa Aduuree Saawwaan
17
Gatii giddu- galootaa shallaguu barsiisuu
Gatii gidduu galaa akka shallagan taasisi. fkn

Gosa barnootaa Afaan Oromoo Herrega Ingiliffa Saayinsii


Caalaan 100 keessaa kan argatte 98 96 91 95
1. Caalaan qabxiin giddu galeessaa Afaan Oromoofi Herregaan argate meeqa?
2. Caalaan qabxiin giddu galeessaa Ingiliffaafi saayinsiin argate meeqa?
3. Qabxiin giddu galeessa Afaan Oromoo, Herregaa fi Ingiliffaan argate meeqa?
4. Qabxiin giddu galeessaa gosa barnootaa arfaniin argate meeqa?
fkn . Barattoonnii 14 qormaata Herregaa 10 keessaa argatan akka armaan gadittii Sassaabameera
waan ta'eef qabxii gidduu galeessaa isaa barbaadii
6 , 4, 8, 4, 9, 6, 8, 7, 9, 5, 4, 3, 9, 10
6+4+8+4+9+6+8+7+9+5+4+3+9+10
Deebii : Gatii Gidduu galeessa= = 6.71
14

Qabxii Mirkaneeffannaa
. Bakka sirrittii hubattee Mallattoo √ kaa'i
lakk yaada
1 Akkaataa Daataa itti Sassaabamu
2 Daataa Qindeessuu fi Taaleessu
3 Gabatee Deeddeeb'isaa ijaaruu
4 Giraafiiwwan ijaaruu fi dubbisuu
5 Gatii gidduu galaa Shallaguu Barsiisuu .

18
Gaaffilee Shaakalaa Koorsii Manneen Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Marsaa Duraa Keessatti
Herrega Barsiisuu II( TeMa(LP) 342) Qophaa’e.

1. Barattoonni mana barumsaa tokkoo yeroo boqonnaa isaaniitti dirree kubbaa saaphanaa

qopheefachuun kubbaa taphachuu yoo barbaadan kanneen armaan gadii keessaa bal’ina dirree kanaa

kamiin safarachuutu isaaniif salphata?

A. Taakkuu B. Faana C. Dhundhuma D. Tarkaanfii

2. Safartoota dheerinaa armaan gadii keessaa kamtu adda?

A. Meetira B. Taakkuu C. Kiloomeetira D. Santiimeetira

3. Kanneen armaan gadii keessaa kan dogoggoraan walitti firoome adda baasi.

A. Dheerina-- Meetira B.Qabee-- Liitira C. Kofa—pirooteraaktarii D. Yeroo—Sekondii

4. Dheerina hojjaakeetii baruu yoo barbaadde yuunitoota safaraa armaan gadii keessaa kamiin
gargaaramta?

A. Kiloogiraama B. Meetira C. Digirii D. Sekoondii

5. Meetirri tokko , miliimeetira meeqa? A. 10 B. 100 C. 1000 D. 10,000

6. Obbo Nagaasaan lafa qotiisaa qaban irraa ilma isaanii Abdiif hektaara walakkaa yoo kennaniifi,

Abdiin lafa qonnaa iskuweer meetirii meeqa abbaa isaa irraa fudhate?

A. 500 B. 1000 C. 5000 D. 10,000

7. Sarara dhaabbataatti gargaaramnee kanneen armaan gaditti kennaman keessaa kam safaruun

danda’ama?

A. Kofa B. yeroo C. ulfaatina D. Dheerina

8. Kanneen armaan gadii keessaa xiyyeeffannoo koorsii kanaa(TeMa 342) isa guddaa kan

hintaane kami?

A. waa’ee lakkoofsotaa C. Waa’ee bocootaa

B. Waa’ee safaraa D. Waa’ee qabannaa daataa fi paaternootaa

9. Barataan tokko mana isaatii ka’ee hamma mana barumsaa gahutti Meetira 100 miilaan deemee

booda kiloomeetira 2 ammoo geejibaan(taaksiin) deeme. Barataan kun manaa bahee hanga mana

barumsaatti kiloomeetira meeqa deeme? A. 3 B. 2.1 C. 2.01 D. 102


19
10. Meeshaan kofa safaruuf gargaaru ____ jedhama.

A. Pirootiraaktarii B. Digirii C. Ulee meetiraa D. A fi B’n deebii ta’u.

11. Kofti safarri isaa 900 hanga 1800 gidduu ta’e, kofa _______ jedhama.

A. Akkiyuutii B. Qajeelaa C. Rifleeksii D. Obtiyuusii

12. Meeshaa deeggarsa barnootaa seet-iskuweeriiti gargaaramtee kofoota armaan gaditti kennaman

keessaa isa kam salphaatti ijaaruu dandeessa?

A. Akkiyuutii B. Qajeelaa C. Kofa sirrii D. Obtiyuusii

13. Kofoota asiin gaditti kennaman keessaa harkakee tokkoo fi cinaacha keetti gargaaramtee uumuu kan

hin dandeenye kami? A. Akkiyuutii B. Kofa sirrii C. Obtiyuusii D. Rifleeksii

14. Barataan tokko mana isaatii bahee hanga mana barumsaa keessatti baratu gahutti, kanneen armaan

gadii keessaa kam safaruu danda’a?

A. Dheerina B. Yeroo C. kofa D. A fi B ‘n deebii ta’u.

15. Daqiiqaan 150 sa’aatii meeqa ta’a? A. 1:30 B. 1:50 C. 2:30 D. 2:50

16. Torbaan tokko sa’aatii meeqa of keessaa qaba? A. 84 B. 840 C. 168 D. 1,680

17. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa tokko keessatti dheerinni wayitii tokkoo daqiiqaa 40 fi baay’inni

wayitii guyyaatti barsiifamu jaha yoo ta’e, manni barumsaan kun guyyaatti sa’aa meeqaaf barsiisa

jechuudha?

A. 4 B. 6 C. 8 D.10

18. Waggaan tokko ji’oota meeqa qaba? A. 12 B. 24 C. 84 D. 365

19. Waggaa Meeqatu jaarraa tokko ta’a? A. 5 B. 10 C. 100 D. 1000

20. Kuntaalli tokko kiloogiraama meeqa? A. 10 B. 50 C. 100 D. 1000

21. Tooniin tokko kuntaala meeqa? A. 10 B. 50 C. 100 D. 1000

22. Aadde Soorettiin gabaa deemtee(baatee) dhadhaa 2kg fi sukkaara 2.25kg bitatanii baatanii yoo gara

manaa galan, waliigala aadde Soorettiin giraama meeqa baatanii galani?

A. 254 B. 650 C. 4250 D. 6250


20
23. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu xiqqaadha? A. 900gm B. Toonii 1 C. Kuntaala 2 D. 100kg

24. Bishaan haylaandiin yeroo bitamu irra caalaa kan ittiin ibsamu kamiini?

A. Seentii meetiraan B. miliimeetiraan C. Kiloogiraamaan D. Litiraan

25. Ittoo laaqanaaf qophaa’e tokkotti zayita 0.65 fayyadamuun yoo hojjetame, zayita miliilitira meeqatti

gargaaramne jechuudha? A. 0.0065 B. 6.5 C. 65 D. 650

26. Oggeessi mana yaalaa qoricha lilmeen(marfeen) yeroo namaa kennu kamiin safaree namaa kenna?

A. B. Kg C. D. A fi C deebii ta’u.

27. Barataa Yaadataan qarshii 27 fi saantima 50’n dabtara lamaa fi qubeessaa 4 immoo qarshii 15 fi

saantima 75 bitate. Walumaagalatti barataa Yaadataan qarshii meeqa baasii godhe?

A. 53.05 B. 43.25 C. 11.65 D. 42.65

28.Fiixeen lilmoo kanneen armaan gadii keessaa kam ibsuu nu gargaara?

A. Tuqaa B. Sarara C. Xiyya D. Diriiroo

29. Kannen armaan gadii keessaa kan qubee xiqqaa tokkoon moggaafamu kami?

A. Tuqaa B. Sarara C. Xiyya D. Diriiroo

30. kan bal’ina daangaa hin qabne qabu kami?

A. Tuqaa B. Sarara C. Xiyya D. Diriiroo

31. Kofti sararoota parpandiikulaarii ta’an lama gidduutti argamu meeqa?

A. 600 B. 900 C. 1800 D. 3600

32. Sararootni diriiroo tokko irratti wal hin tuqne sararoota ________ jedhama.

A. Waltarree B. Parpandiikulaarii C. Iskiwu D. A fi C deebiidha.

33. Ida’amni kofoota keessoo rogsadee tokkoo _______ dha.

A. 900 B. 1000 C. 1800 D. 3600

34. Rogsadee sirnaawaa kan ta’e kami? A. Iskalanii B. Ayisoosilasii C. Ikkulaateraalii D. Obtiyuusii

35. Rogsadeen safarri kofoota keessoo isaa sadanuu 900 gad ta’e kami?

A. obtiyuusii B. Akkiyuutii C. Rifleeksii D. Deebii hin kennamne.

36. Barsiistuu Bashaatuun mata duree gosoota rogsadee jedhu jalatti barattoota ishee rogsadootni
21
dheerina rogoota isaanii irratti hundaa’uun bakka sadiitti qoodamu isaanis iskaalanii, ayisoosilasii

fi ikkulaateraaliidha jedhanii erga ibsaniifii booda barattoota daree sana garee sadiitti qooduun

garee 1ffaaf: Iskaalanii, garee 2ffaaf: Ayisoosilasii fi garee 3ffaaf: Ikkulaateraalii kennuufiin amaloota

isaanii gareen akka irratti marii’atan taasisan. Itti aansuun immoo garee sadan irraa barataa tokko

tokko fudhachuun garee haaraa hedduu ijaaruun akka walbarsiisan taasisani. Malli baruu barsiisuu

barsiiftuu Bashaatuun gargaaraman maal jedhama?

A. Mala agaree B. Mala jigsawoo C. Mala piraamidii D. Mala gahee taphachuu

37. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu adda?

A. Rektaangilii B. Iskuweerii C. Tiraappiziyeemii D. Roombosii

38. Naannawaan rektaangilii dheerinni isaa 5cm fi hojjaan isaa 4cm ta’e meeqa?

A. 18cm B. 20cm C. 40cm D. 9cm

39. Bal’inni iskuweerii dheerinni saarbii isaa 4√2 cm ta’e meeqa?

A. 4 cm2 B. 8 cm2 C. 16 cm2 D. 32 cm2

40. Kanneen armaan gadii keessaa kamtu dhugaadha?

A. Rektaangiliin kamiyyuu paralaallogiraamiidha.

B. Paralaallogiraamiin kamiyyuu roombasiidha.

C. Roombasiin kamiyyuu iskuweeriidha.

D. Quwaadirilaateraaliin kamiyyuu paralaallogiraamiidha.

41. Dallaan obbo Tolaan keessatti mana ijaarratanii jiraatan dalgeen isaa 10m fi hojjaan isaa 20m

yoo ta’e, obbo Tolaan bal’ina iskuweer meetirii meeqatti dalleeffatan jechuudha?

A. 30 B. 60 C. 100 D. 200

42. Sararri dhaabbataan tuqaalee geengoo irra jiran lama walqunnamsiisuun handhuura geengoo keessa

ba’u ____ jedhama.

A. Raadiyasii B.Diyaameetirii C. Koordii D. Golboo

43. Geengoo barsiisuuf kan meeshaa deeggarsa barnootaa ta’uu danda’u kami?

A. Kubbaa B. Giloobii C. Qubeelaa D. Killee


22
44. Kanneen armaan gadii keessaa kan danaa diriiroo hintaane kami?

A. Rogsadee B. Rektaangilii C. Piriizimii D. Kuwaadirilaateraalii

45. Danaalee jaboo armaan gadii keessaa kan hundee tokko qofa qabu kami?

A. Siliindarii B. Koonii C. Dhuqunqula D. Kiyuubii

46. Tuutni tuqaalee samii keessaa kanneen tuqaa kenname tokko irraa walqixa fagaatan _____ jedhama.

A. Geengoo B. Dhuqunqula C. Koonii D. Kiyuubii

47. Danaa jaboo armaan gadii keessaa kan fuulota jaha qabu kami?

A. Siliindarii B. Dhuqunqula C. Koonii D. Kiyuubii

48. Walakkaa geengoo diyaameetirii isaa irra yoo naannessite danaa jaboo akkamii argatta?

A. siliindarii B. Dhuqunqula C. Koonii D. Piraamiidii

49. Barataa kutaa afur gosa barnootaa shan baratu tokkoof qabxii giddugala isaa yeroo hojjetuufii

qabxii gosa barnoota tokko kan inni 85 qabu irra darbuun qabxii giddugalaa 78 itti himte. Barataan

kun qabxiin isaa dogaggora ta’uu baree dhufee akkati sirreesituufii yoo si gaafate qabxiin giddugala

isaa inni sirriin meeqa ta’a? A. 80 B. 85 C. 88 D. 95

50. Gosa midhaan ganda tokkotti oomishame afur( Boqqolloo, Qamadii, Xaafii fi Atara) irratti

hojjetaan misooma qonnaa tokko daataa walitti qabate biiroo isaa keessa chaartii paayiin akka

armaan gadiitti kaawwate jira. Oomisha bara sanatti kuntaala 16,200 yoota’e, xaafiin kuntaala

meeqatu oomishameera?

A. 450

B. 2,250 Xaafii 500

C. 4,500

D. 9,000 Boq. 1000 Atara 100

Qam. 2000
Boq.1000 Qamadii 200 0

23
DEEBII

1. D 11. D 21. A 31. B 41. D

2. B 12. C 22. C 32. A 42. B

3. C 13. D 23. A 33. C 43. C

4. B 14. D 24. D 34. C 44. C

5. C 15. C 25. D 35. B 45. B

6. C 16. C 26. D 36. B 46. B

7. D 17. A 27. B 37. C 47. D

8. A 18. A 28. A 38. A 48. B

9. B 19. C 29. B 39. C 49. D

10. A 20. C 30. D 40. A 50. B

24
25

You might also like