You are on page 1of 1

Yaadannoo Bamaqaa

Bamaqaa

 jechuun jecha iddoo maqaa bu’uun tajaajilu jechuudha.


 Barreeffama keessatti maqaa tokko irra deddeebi’uun yoo fayyadamne nama nuffisiisuu danda’a.
 Nuffii akkasii hambisuuf maqaa yeroo tokko yoo caqasne sanaan booda bamaqaatti fayyadamuu dandeenya.
Fkn. Intalli magaalli sun obboleettii tiyya. Ishiin barattuu kutaa kurnnaffaati.
Jechi ishiin jedhu, bamaqaa yoo ta’u gaalee maqaa intalli magaalli jedhu bakka bu’a.
Tajaajila bamaqaa
Ramaddii 1. Akka 2. Akka aantimaatti 3. Akka
mathimaatt 2.1.Aantima 2.2.Aaantima abbummaatt Lakkoofsa Koorniyaa
Kallattii Alkallattii
Ramaddii Ani na naa/naaf koo qeentee hinfoyu
1ffaa Nuti nu Nuu/nuuf keenya danuu hinfoyu
Ramaddii Ati si Sii/siif kee qeentee hinfoyu
2ffaa Isin isin Isinii/isiniif keessan danuu/qeentee hinfoyu
Ramaddii Inni isa Isaa/isaaf isaa qeentee dhiira
3ffaa Isheen/Ishiin ishee/ishii isheef Ishee/ishii qeentee dhalaa
Isaan isaan Isaanii/isaaniif isaanii Danuu/qeentee hinfoyu

Akaakuu Bamaqaa
 Bamaqaan bakka gurguddaa jahatti qoodama
1. Bamaqaa matayyaa /dhuunfaa/ramaddii (Personal pronoun) fkn. Ani, nuti, ati, isin
 Haasaa namootaa bu’uura taasifata.
2. Bamaqaa ufnaa (Reflexive Pronoun )
Namni tokko ofuma isaatii waan tokko raawwachuu isaa agarsiisa.
Fkn. Abdiin of jajjabeesse.
Isheen ofiif mana ijaarratte.
3. Bamaqaa eertoo/akeektuu (Demonstrative pronoun) = fkn. Kun, sun, kana, sana
4. Bamaqaa iyyaafannoo(Introgative pronoun)= fkn. Akkamitti, eessa, kam, maal, yoom, maliif
5. Bamaqaa waliyyoo(Resprocal pronoun)
 Namoonni ykn wantoonni lamaafi isaa ol gocha isaan walirratti, waliif ,waliiniifi kkf raawwatan agarsiisa.
Fkn. Tufaafi Toltuun wal jaalatu
Nuti walumaan hojjennee waluumaan guddanna
Aniifi Abdiin kitaaba waliin barreessine.
6. Bamaqaa waliingaa/firoomsee (Relative pronoun)
 Gaalee maqaafi gaalee gochimaatti suuqamee argama.
Fkn. Barattootni warri qabxii olaanaa galmeessisan badhaafaman.
Intala ishee gurraattii sana barbaadi.
 Bamaqaa waalleyyuu(indefinite pronoun)
 Jechi “Waalleyyuu” jedhu jechoota “waan halle iyyuu” jedhurraa adeemsa suphaatiin kan uumame yoo ta’u ,
wantoota ykn namoota hedduu dimshaashumatti kan dhiyeessudha.
Fkn. Eenyullee/eenyuyyuu mirga isaatiif falmachuu qaba.
Yoomiyyuu/yoomillee taanaan sin irraanfadhu.

You might also like