You are on page 1of 6

YUUNVARSIITII DILLAA

KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMOOMAA

MUUMMEE AFAANII FI OGBARRRUU OROMOO

ABBALTII GAREE MALA QORANNOO (RESEARCH METHODS-ELOR 415)

MAQAA L.W.E GOLA 2

1 . Caalaa Aliyyii .............................SKAO-118/17

2. Abdallaa Ibraahim........................SKAO-110/17

3. Dastaa Korbeettii.........................SKAO-119/17

4. Elemoo Nuuree ............................SKAO-120/17

5. Madiinaa Ahimad....................... SKAO-1124/17

6. Masarat H/Maariyaam ................SKAO-126/17

7. Warqaafarraa Taaddasaa ............SKAO-107/17

8. Quubsee Hayilee ...........................SKAO-085/16

9. Waacifaa Xibabuu .........................SKAO-141/16

Barsiiftuu ; DAANGAA . B. Kan galu

HAGAYYA , 2021

DILLAA , ITOOPHIYAA
GAAFFIIWWAN GADIITIIF HAALA GAAFATAMTEEN DEEBII KENNI (%15).

1.Malleen beekumsa muuxannoo guyyuu mala madda beekumsa Saayinsawaa


irraa maaltu adda godha ?

 Akka hayyoonni Daani'eelii (1994) fi Young (2006) ibsanitti; Maddaawwan


beekumsa fi tooftaawwan rakkoo hiikuu muuxannoo guyyuu mala madda
beekumsa Saayinsawaa irraa kan adda taassisu qabxiilee gurguddoo armaan
gadiiti.

Isaanis:-

a,Mala abboommii (Method of Authority):-


 Malli abboommii mala dhalli namaa rakkoowwan namtolchee fi uumamaa jireenya keessatti
qunnaman kanneen akka Woraanaa,beelaa,dhukkubaa,hoongee fi bokkaa cimaa yommuu
hammaatu furmaata barbaaduuf abbootii amantaa,Maanguddoota,Ayyaantuu fi
qaalluu,namoota ogummaa fi muuxannoo fi beekumsa fooyya'aa qaban tilmaamaan
mariisisuun daandii falaa argachuuf carraaqaa turan mala madda beekumsa Saayinsawaa
irraa adda taasisa.

b.Duudhaa (Method of tradition):-Mala namoonni aadaa, duudhaa, safuu fi barsiifata adda


addaatti gargaaramuudhaan hubannoo adunyaa keessa jiraatanii beekumsaa ambirootti
fayyadamuun waldhabdee araarsuuf Kan wal ta'e eebbisuu fi kkf dhimma bahuun Mala madda
beekumsaa Saayinsawaa irraa adda Isa taasisa.

c, Muuxannoo dhuunfaa (Method of experience):-Malli kun madda beekumsaa namoonni


bal'naan rakkoo isaan qunnameef tooftaa rakkoo furuutti gargaaramaniidha.Kunis mala madda
beekumsaa Saayinsawaa irraa adda Isa taasisa.

d,Mala Sababeessuu (Method of reasoning):-Malli Sababeessuutiin beekumsaa


adunyaa horachuu keessatti bara Aristootilii irraa tajaajilaa Kenna ture.Kunis yaada ka'umsaa
tokkorra dhaabbatanii Yaada biroorra ga'uuf fayyada.Kun immo mala madda beekumsaa
Saayinsawaa irraa adda Isa taasisa.

2.Akkaataa Maddaawwan beekumsaa (epistemology) ilaalchisee; ilaalchi madda beekumsaa


positiivistii ilaalcha madda beekumsaa hawaasarraa ijaaramurraa garaagarummaa akkamii
qaba ?
 Ilaalchi Saayinsawaa epistemology positiivistii Maddi beekumsaa muuxannoo ykn yaada
sammuu fudhachuu osoo hin taane ; dhugaa qabatamaan muldhatuu fi safaramuu danda'u
irratti hundaa'a.Akka ilaalcha beekumsaa hawaasarraa ijaaramuutti immo beekumsi
saayinsii damee hawaasaa haala adda addaatiin Kan ijaaramu yoo ta'u;Kan safaramuu fi
mirkanaa'uu miti.
 Akka ilaalcha Saayinsawaa epiistimolojii positiivistii tti wanti killayya ta'ee fi qabatamaan hin
safaramne dhugaa ykn argannoo qorannootii miti jedha.Akka beekumsa hawaasarraa
ijaaramuutti immo beekumsi beekumsi adunyaa ilaalchaa fi muuxannoo hawaasni tokko
adunyaaf qabu irratti hundaa'a.Qorataan dhugaa adunyaa akkuma jirutti dhiyeessuu osoo
hin taane ilaalcha hawaasa keessa jiruu fi ilaalcha hawaasni adunyaaf qabu irratti
hundaa'a .Akka ilaalcha positiivistii tti dhugaan (argannoon) adunyaa muldhatuu fi muuxannoo
qabatamaati.Garuu beekumsi hawaasarraa ijaaramu akkaataa ilaalcha,falaasama fi hubannoo
qorattichaatiin gama tokkotti luucca'uu danda'a.

3.Seen-duubeen qorannoo tokkoo haala ka'umsa qorannichaa irraa adda ta'een akkamitti
dhimma qoratamu ibsa ?

Seenduubeen qaama qorannoo isa jelqabaa ta'ee bakka odeeffannoon dhimma qoratamuu
dimshaasharraa ka'ee gara murtaa'inaatti ( V ) deemuun ibsamu.Kanaafuu seenduubee
keessatti dhimmoonni hammataman seenaa waliigala yaadota addaa qorannoon walqabatan
yaada dubbistootaaf dhiyeessuu qabu . Kanaaf seenduubeen haala galumsa dimshaashaa
rakkoo qorannoo ykn dhimma qoratamuuti jechuudha.
4. Ka'umsa qorannoo keessatti qabxiiwwan dhiyaachuu qaban maal fa'aadha ?
 Dhimmi qoratamu sad. haala galumsaa ( contexts ) mat-duree qoratamuutiin
walsimatee dhiyaata .
 Qorannoowwan duraan gaggeefaman kanneen mat-duree keenyaan walgitiinsa qabu
tokkummaa fi garaagarummaa qorannoo haara wajjiin qaban agarsiisuun kallattii
fuulleffannoo agarsiisutu eeggama .

 Walumaagatti ka'umsi qorannoo yommuu gaggeeffamu qabxiilee armaan gadii


hammachuu qaba .
 Biyya keessatti maaltu hojjatame ?
 Amma maaltu hojjatamuu barbaadame ?
 Hubannoo uumuu ?
 Waan hin tuqamin sakatta'uu ?
 Bakka dhaabbaterraa itti fuufuu ?
 Mala dhahaa mirkaneessuu moo fooyyessuudha ?
 Qorannoo haaraa gaggeessuun hammam barbaachisaadha ?
 Qorannoo dura gaggeefame irratti rakkoowwan eeramaniif fala akkamitti kaa'ame ?
5.Kaayyoo qorannoo :-
a , Gaaffiiwwan bu'uraa qorannoo tokkoo fi
b , Adeemsaa fi mata dureewwan qaaccessa qorannoo tokkoo wajjiin hariiroo akkamii qaba?
a ,Gaaffiiwwan bu'ura qorannoo tokkoo :- Gaafflleen bu'uraa qorannoo xiyyeeffannoo
waliigalaa qorannichaa gidduu galeessa godhatanii qophaa'u . Gaaffileen bu'uraa qorannoo
Kallattiidhaan kaayyoo qorannichaa irraa maddu. Dhumarrattillee odeeffannoo meeshaalee
funaansa ragaa adda addaatiin walitti qabamanii deebii argatu . Gaaffileen bu'uraa qorannoo
haala gaariin deebii argachuun ykn dhabuun , galma ga'uu fi galma ga'uu dhabuu kaayyoo
qorannichaa mirkaneessu .
b , Adeemsaa fi mata dureewwan qaaccessuu qorannoo tokkoo wajjiin hariiroo akkamii
qaba ?
• Kaayyoo Adeemsaa fi mata dureewwan qaaccessa qorannoo tokkoo wajjiin hariiroo cimaa
qaba .

6 . Akaakuun qorannoo hojjatamuu ( Qorannoo Akkamtaa fi hammamtaa) :

a , Akaakuu meeshaalee funaansa ragaa akkamitti murteessa ?

b , Malleen iddatteessuu qorannichaa akkamitti murteessa ?

c , Mala qaaccessaa waliin hariiroo akkamii qaba ?

a ,Qorannoo adeemsisuuf kaayyoo qorannoo sana irratti hundaa'uun maddeen adda addaa
irraa ragaa qorannichaa funaanuun barbaachisaadha . Odeeffannoon Kunis kan argamu
namarraa , god-hambarraa , waan barreeffamerraa , fakkiiwwanii fi kkf irraa ta'uu danda'a .

 Yaalaw (2004) qorannoo kamiiyyuu ragaadhaan deeggaramee gaggeeffamu. Kaayyoo


qorannichaa galma gahuuf ragaaleen mala ittiin funaanaman qaba .
 Meeshaaleen odeeffannoo ittiin funaanaman kunis haaluma gosoota qorannootiin gara
garummaa qaba .
 Akaakuuwwan meeshaalee funaansa ragaa gosa qorannoo qorannoo gaggeefamu galma
gahiinsa kaayyoo qorannichaa Kan walsimatan itti fayyadamuun barbaachisaadha .
 Meeshaalee odeeffannoo funaanuudhaaf gargaaran amaloota , kaayyoo , ciminnaa fi
hanqinna mataa isaanii qabu .
b , Iddatteessuun adeemsa jamaa bal'aa keessaa iddattoo bakka bu'an filachuuti . Torchin
( 2006 ) Iddattoo yommuu ibsu adeemsa jamaa tokko keessaa odeeffannoo argachuuf qaamota
jamaa sanaa hamma ta'e fudhatanii adeemsa itti fayyadamuuti . Akkaataa filannoo iddattootaa
fi hirmaattotaa madda odeeffannootiif barbaachisaa ta'e ibsuudha .Mala Iddatteessuu jalatti
gaaffilee jamaan eeyufaadha ? Meeqa ? As keessaa Iddattoon meeqa ? Mala Iddatteessuu
kamitti gargaaramnee filanna ? Maliif filanna Sababa jedhu waliin ibsuu wanna ?
c, Qorattoonni iddattoowwanii fi tooftaawwan Iddatteessuu adda addaatiin filataman irraa
meeshaalee funaansa ragaa gara garaatiin gargaaramuun ragaa bal'aa , walxaxaa fi hin
qindaa'in funaanamu .
Ragaan dheedhii fi bittinnaawaan kun haala hiikaa qabaachuu danda'uun qindaa'ee ,
qaaccefamee , hiikamee yoo hin dhiyaanne , hiikni qorataas ta'ee dubbistootaaf qabu ifa hin
ta'u . Ragaan qindaa'e cuunfanii dhiyeessuufis ta'ee hiika kennuuf immo karaa sirriin ta'uu
qaba .
7. Meeshaalee funaansa ragaa qorannoo tokkoo :-
a , Malleen iddatteessuu fi
b ,Mala qaaccessuu wajjiin hariiroo akkamii qaba ?
a , Qorataan tooftaawwan Iddatteessuu adda addaatiin filataman irraa meeshaalee funaansa
ragaa gara garaatiin gargaaramuun ragaa bal'aa fi walxaxaa fi hin qindaa'in funaanamuun immo
hariiroo meeshaalee

b , Gama qaaccessaa fi hiika qorannoo hammamtaatiin ragaa meeshaalee funaansa ragaa


akkaataa ittiin funaanaman akkaataa ragaa ijoo isaaniitiin qoqqoodamanii ittiin dhiyaatanii fi
hiikamaniidha .
Ragaan qorannoo odeeffannoo fakkiin , suuraan , afgaaffiin , barggaaffiin , daawwannaadhaan ,
barreeffaman ykn laakkofsaan funaanamee Kan dhiyaatu ta'u danda'a . Kunis hariiroo
meeshaalee funaansa ragaa fi malli qaaccessuu wajjiin qabaniidha .
8 . Garaagarummaa Gaaffilee bu'uraa qorannoo tokkoo fi meeshaalee funaansa ragaa
barggaaffii, afgaaffii fi qabxiilee mirkaneeffannoo daawwannaa qorannoo gidduu jiru maali ?
 Gaaffilee bu'uraa qorannoo jechuun :- Ka'umsa qorannoo keessatti Kan gaafataman
ta'anii kaayyoon qorannoo sun maaliif akka gaggeefamu , Akkaataa adeemsa isaa
faayidaa fi qooda fudhattoota beekuuf gaaffilee ka'uu danda'aniidha .
 Meeshaalee funaansa ragaa immoo tooftaa gaaffilee kanneen deebisuuf nugargaaran
qaama dhimmi ilaalu irraa karaa ittiin walitti qabnuudha .
 Walumaagatti garaagarummaa Gaaffilee bu'uraa fi meeshaalee funaansa ragaa
gidduu jiru; gaaffilee bu'uraa qorannoo adeemsisuuf Kan nu qajeelchu yoo ta'u
meeshaalee funaansa ragaa immoo odeeffannoo barbaachisummaa akkamitti akka
argannu meeshaalee ittiin dhimma baanuudha .
9. Rakkoowwan pilaajaarimiin qaqqabsiisuu danda'u kitaabbilee adda addaa dubbisuun ibsa
bal'aa kenni . Pilaajaarimiin yaada , jechaa fi hojii nama tokkoo osoo madda isaa hin eerin hojii
ofii keessa galchuun gargaaramuudha . Hojiin akka kanaa qorannoo nama tokkoo irratti
rakkoowwan baay'ee qaqqabsiisuu danda'a . Kana malees hojiin namoota , qabeenya sammuu
fi kalaqa nama biroo akka Kan ofii gochuun dhiyeessuun dhoorkaadha . Irra darbees yakka
cimaadha .
Yakkaawwan hanna qabeenya sammuu fi kalaqaa sammuu namoota kun rakkoowwan armaan
gadii qaqqabsiisuu danda'a .Isaanis :-
 Hidhaa fi murtii maallaqa kafalchiisuu
 Qorannoo sana fudhatama dhabsiisuu
 Barattoota biyya alaatti baratan gara biyyatti deebisa.
 Barnoota irraa ariisisuu danda'a .
10. Qorannoo tokko rog-sadeessuun Akkaataa ittii danda'amu ibsi .
 Mata duree qorannoo tokkoo irratti odeeffannoo namoota addaa irraa yeroo fi haala
garaa keessatti odeeffannoo bal'aa erga funaamee booda ; tokkoo tokkoon odeeffannoo
funaanamee sakatta'uu , xiinxaluu fi qaaccessuun Odeeffannoowwan funaanaman
walitti fiduudhaan qaaccessanii dhiyeessuun rog-sadeessuu jedhama .
 Fakkeenyaaf
. Odeeffannoo kennaa Odeeffannoo kennaa Odeeffannoo kennaa

A. B. C.

You might also like