You are on page 1of 31

KOLLEE

JII SAAYINSII HAWAASAAFI NAMOOMAATTI


MUUMMEE AFAAN OROMOOFI OGBARRUU

QAACCESSA ASOOSAMA DHEERAA GURRACHA ABBAYYAA


YAADIDDAMA MAARKISIIZIMIITIIN

GABAASA QORANNOO BARNOOTA AFAAN OROMOOTIIN DIGRII


JALQABAA GAMISAN GUUTTACHUUF QOPHAA’E .

QORATTUUN: EEBBISEE ASAFFAA IMMIRUU


GORSAAN: WAGGAARII DHAABAA (MA)

Adoolessa, 2014
Mattuu,Itiyoopiyaa

1
Axereeraa
Og-barruu jechuun hojii kalaqaa ilma namaa ta’ee, aadaa, seenaa, duudhaa, siyaas-diinagdee,
hawaasummaa, amantaa, falaasamaa akkasumas haala jiruufi jireenya hawaasa tokkoo kan ittiin
calaqsifamudha. Kunis, bifa miidhaginaafi ofitti nama harkisuu danda’uun faayamee
barreeffamaan yookaan haasawaan kan dhiyaatudha. Ogbarruun wantoota addunyaa dhugaa
keessatti mul’atan addunyaa arga-yaadaa keessatti akka mul’atanutti faayee akkaataa sammuu
dubbistootaatti toluun bocee barreeffamaan kan dhiyeessu dha.
Asoosamni hojii kalaqaa waa’een namaa, namaaf deebi’ee ittiin agarsiifamudha. Barreessaan
addunyaa asoosamaa uumuudhaan dhimmoota garaagaraa kan akka siyaasaa, diinagdeefi
hawaasummaa irratti xiyyeeffatee waan ofii hubate dubbistoonnis akka hubatan taasisa.
Addunyaan asoosamaa kunis kan uumamu caacculee asoosamaa irraati. Kaayyoon asoosama
tokkoo barreeffameef galma gahuu kan danda’u, ijaarsiifi qindoominni caacculee asoosama
sanaa gidduu jiru, akkasumas filannoon jechootaafi ijaarsi himootaa xiyyeeffannoo argatanii of
eeggannoon kan raawwataman yoo ta’eedha. Asoosamoonni Afaan Oromootiin barreeffamanis
gama kanaan ga’umsa yoo qabaatan, ogbarruun barreeffamaa afaanichaa sadarkaa isaa kan
eeggate ta’a; guddina afaanichaafis gumaacha guddaa qabaata. Qorannoon kunis yaada kanarraa
ka’uudhaan kan geggeeffame yoo ta’u, asoosama ‘Gurraacha Abayyaa’ yaadiddama
Maarkisiizimiitiin qaaccessuu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoo gooroon qorannichaa
asoosama kana ija yaadiddama Maarkisiizimiitiin xiinxaluu yoo ta’u, kaayyolee gooreen immoo
asoosama ‘Gurraacha Abayyaa’ keessatti akkaataa dhimmi Siyaas-diinagdee itti mul’atu adda
baasuu, asoosamni kun haala qabatamaa uummataa Gumuz akkamiin akka dhiyeesse addeessuufi
asoosamni ‘Gurraacha Abayyaa’ yaadiddama Maarkisiizimiitiin yoo madaalamu maal akka
fakkaatu ibsuudha. qorannoo kanas mala qorannoo akkamtaan fayyadamuun akkasumas madda
raga qorannichaa irraa odeeffannoo funaanuudhaaf meeshaalee funaansa ragaa sakatta’a
galmeewwanitti fayyadameeti.Qorannoon kun, mala iddatteessuu miti carraa keessaa mala
kayyeeffamaa fayyadamuun iddattoo filadheera. Walumagalaatti qorannon kun boqonnaa duraa
keessatti seenduubee, ka’uumsa, daangaa, hanqinni qorannoo, kaayyoon qoranno of keessatti
qabata. Boqonnaa itti aanu keessatti immoo qoranniichan walqabsiisuun gaalmeewwaan
garaagaraa sakatta’amaniruu.Boqonnaa sadaffaa keessattis malleen qorannoo
ibsameera.Haaluma kanan boqonnaa afur keessatti immoo dhimmootni ibsa haala
dinaagdee,hawaasummaa hariiroo akkamin akka ibsaman asoosamicha keessatti ka’an
qaacceffamerra.boqonnaa dhuma keessaatti goolabnii, argannoofi yaboon kaa’amaniiru.

I
Galata
Duraandursee milkaa’ina hojii koo kanaaf jalqabaa hanga xumuraatti kan gargaarsa naafgodhe
waaqa uumako galatteffachaa, deggersa oogummaa naaf kennuudhaan kan na gargaran gorsaa
koo barsiisaa Waggaarii Dhaabaatiif galata onneerraa madden dhiyeessa. Itti aansuun, namoota
milkaa’ina qorannoo kanaaf yaada isaanis ta’e muxxannoo jireenya isaanin kan na deggeraaniif
galanniko galaana Abayyaati.kanneen ergisa kitaaba qorannoo kanaaf barbaachisu naa
ergisuudhaan deggarsa naa godhan hunda guddaan galateeffadha.

Xumura irratti haamilee koo jajjabeessuufi deggersa qarshii naa gochuun kan na deggeraa turan
maatiikoo hundaaf galatni koo kumaa kitila.

II
BAAFATA
QABIYYEE FUULA

Axareeraa.....................................................................................................................................................I
Galata..........................................................................................................................................................II
BOQONNAA TOKKO: SEENSA.......................................................................................................................1
1.1 Seenduubee Qorannichaa.....................................................................................................................1
1.2 Ka’umsa Qorannichaa............................................................................................................................2
1.3 Kaayyoo Qorannichaa............................................................................................................................4
1.3.1 Kaayyoo Gooroo.................................................................................................................................4
1.3.2 Kaayyoo Gooree.................................................................................................................................4
1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa............................................................................................................4
1.5 Daangaa Qorannichaa...........................................................................................................................5
1.6 Hanqina Qorannichaa............................................................................................................................5
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUUWWAN WALFAKKAATANII...........................................................6
2.1 Maalummaa Ogbarruu..........................................................................................................................6
2.2 Gosoota Ogbarruu.................................................................................................................................7
2.3 Maalummaa Asoosamaa.......................................................................................................................7
2.3.1 Gosoota Asoosamaa...........................................................................................................................7
2.3.2 Asoosama Dheeraa.............................................................................................................................7
2.4 Asoosamaafi Hawaasummaa.................................................................................................................8
2.5 Asoosamaafi Siyaasa..............................................................................................................................8
2.6 Asoosamaafi Diinagdee.........................................................................................................................9
2.7 Yaaxxina Maarkisiizimii........................................................................................................................10
BOQONNAA SADII: MALA QORANNICHAA................................................................................................12
3.1 Saxaxa Qorannichaa............................................................................................................................12
3.2 Madda Ragaa.......................................................................................................................................12
3.3 Iddattoofi Mala Iddatteessuu Qorannichaa.........................................................................................12
3.4 Mala Qindeessuufi qoqqooddii Ragaalee............................................................................................13
3.5 Mala Xiinxala Ragaalee........................................................................................................................13
BOQONNAA AFUR: RAGAA HIIKUUFI QAACCESSUU..................................................................................14
4.1 Yaada Waliigalaa Asoosama ‘Gurraacha Abayyaa’..............................................................................14
4.2 Xiinxala Haala Diinagdee......................................................................................................................15

III
4.3 XiinxalaAsoosamni‘GurraachaAbayyaa’Haala Qabatamaa Uummataatiin..........................................17
4.4 Qindoomina Caacculee Asoosamichaa................................................................................................21
BOQONNAA SHAN: GOOLABAAFI YABOO.................................................................................................21
5.1 Goolaba...............................................................................................................................................22
5.2. Argannoo............................................................................................................................................22
5.3 Yaboo...................................................................................................................................................24
Wabiilee....................................................................................................................................................25
Dabalee A..................................................................................................................................................26

IV
BOQONNAA TOKKO: SEENSA

1.1 Seenduubee Qorannichaa


Og-barruu jechuun hojii kalaqaa ilma namaa ta’ee, aadaa, seenaa, duudhaa, siyaas-diinagdee,
hawaasummaa, amantaa, falaasamaa akkasumas haala jiruufi jireenya hawaasa tokkoo kan ittiin
calaqsifamudha. Kunis, bifa miidhaginaafi ofitti nama harkisuu danda’uun faayamee
barreeffamaan yookaan haasawaan kan dhiyaatudha. Ogbarruun amaloota nama barsiisuu,
bashaannansiisuu, kakaasuu, koofalchiisuu, qirqiirsuu, gaddisiisuu, gammachiisuu, amansiisuufi
kkf of-keessaa qabu (Fedhasaafi Hundumaa, 2011).
“Ogbarruun oguma barbaadamu tokko waraqaa irra lafa kaa’uun kan ibsudhaa” jedha (Birhanu,
2009:18).Fedhasaanis (2013:67) yoo ibsu, “Ogbarruun kalaqa sammuu ilma namaa barreeffamaan
jiru hunda haammata” jedha.Haaluma walfakkaatuun immoo Dassaaleny (2016), Ogbarruun waan
salphaafi tahii akka qoosaatti hubatamuu danda’u miti. Kan kana ta’uu danda’eef, jecha bal’aafi
yaadrimee hedduu kan of-keessaatti qabate waan ta’eefidha. Kunis, afaaniin haammatamee
akkasumas afaan of-keessatti haammatee kan kalaqamudha. Haala kanaan ogbarruufi afaan akkuma
dhiigaafi hidda dhiigaa kan wal-keessa jiranidha jechuun nidanda’ama. Gabaabumatti, ogbarruu
jechuun hojii kalaqa ilma namaa ta’ee, aadaa, seenaa, duudhaa, siyaas-diinagdee, hawaasummaa,
amantaa, falaasamaa akkasumas haala jiruufi jireenya hawaasa tokkoo kan ittiin calaqqisiifamudha.
Kunis, bifa miidhaginaafi ofitti nama harkisuu danda’uun faayamee barreeffamaan yookaan
haasawaan kan dhiyaatudha.
Kanaafuu, ogbarruun hojii kalaqaa dhalli namaa barreeffamaan kalaqee waa’ee jiruufi jireenya isaa
lafa kaa’uun walii isaaf bifa bashannansiisaafi gammachiisaa ta’een kan dhiyeessu jechuun ni
danda’ama.
Gama biroon akaakuu ogbarruu barreeffamaa keessaa tokko kan ta’e, “Asoosamni kan
barreessaan tokko gochaalee addunyaa dhugaa keessatti namoota hawaasa keessa jiraataniin
raawwataman yookiin raawwatamuu danda’aniin ka’umsa godhatee akka hubannoofi
ilaalchasaatti dandeettii kalaquu isaatiin qindeessudha” (Birhanu, 2009:29). “Asoosamni argaa
yaada barreessaan kalaqamee suuraa jireenya dhala namaa addunyaa keessaatti mul’isudha
Fedhasaan (2013:67).Akkasumas, mudannoofi muuxannoo namni tokko haala jiruufi jireenyaa
keessatti muuxatu mul’isuuf, sammuu barreessaa keessatti kalaqamee waraqaarratti mul’atudha”
jedha. Zarihun (1996:152), immoo, “Jechi asoosama jedhu hiika amma qabateen yeroo jalqabaaf

1
jaarraa 18ffaa kan mul’ate gosa hololoo seeneffamaa ilaallatu; iddoowwan seenawaa bocaman,
namfakkii jireenya dhugaa kan bakka bu’an, yaadaafi gocha sirriitti kan mul’isu, walitti fufinsa
kan qabuufi seeneffama diriiraadha”, jedha. Yaada hayyootaa kanarraa akkuma hubachuun
danda’amuutti asoosamni calaqqee addunyaa kanaa ta’ee karaa hawaasichi jiruufi jireenya isaa
akka daawitiitti keessatti of ilaaludha. Asoosamni kunis namfakkootaan faayamee (bocamee)
waa’ee jireenya hawaasichaa seenaa, aadaa, duudhaa, afaaniifi eenyummaa isaa gadi fageenyaan
kan ibsudha.
Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa qaaccessa asoosamaa irratti fuuleffata.Haaluma kanaan hojii
qorannoo kana keessatti, yaadiddamoota jiran keessaa yaadiddama Maarkisiizimiitti dhimma
ba'uun Asoosama dheeraa” Gurracha Abayyaa” kan qaacceffame ta’a. Yaadiddamni kun jiruu
hawaasummaa keessatti sirni ittiin bulmaataa qabsoo gitaafi jijjiirama isaanii akkamitti akka ibsu
irratti kan xiyyeeffatu dha. Yaaxxina kanatti dhimma bahuun ogbarruu Oromoo irratti qeeqni
geggeeffame amma ani beekutti ballinaan hin mullatu. Yaaxxinni kun immoo, ogbarruu tokko
keessatti dhimmoota hedduu ilaala. Haaluma kanaan, qorannoon kun qabxiilee yaaxxina kanaa
bu’ura godhachuun xiinxalameera.
Asoosamni qaacceffame kunis, asoosama dheeraa Dhaabaa Wayyeessaa bara 1996ALAtti
mataduree “Gurraacha Abayyaa” jedhee barreessee mana maxxansaa USAtti maxxanfame yoo
ta’u, asoosamichis fuula 319 qaba. Haaluma kanaan qorannoon kun asoosama “Gurraacha
Abbayyaa” maxxansa arfaffaa bara 2021 Itoophiyaatti irra deebiin maxxanfame yaadiddama
Maarkisiizimii irratti hundaa’uun qaacceffameera.

1.2 Ka’umsa Qorannichaa


Qorannoon kun asoosama qaaccessuurratti xiyyeeffata. Asoosamni immoo dhimma hawaasa tokkoo
kan calaqisiisuudha. Gama biraatiin asoosamni jiruufi jireenya hawaasa tokkoo hawaasa kaaniif
ibsuufi haala guddina hawaasa sanaa calaqisiisuuf gargaara. Haalli kun immoo waliitti dhufeenya
hawaasa garagaraaf bu’uura ta’a. Asoosamoota afaan tokkoo karaa adda addaatiin qeequun ciminaafi
hanqina isaanii adda baasuun guddina afaan tokkoof murteessaadha. Guddinni kun akka dhufuuf
asoosamoonni of eeggannoon barreeffamuu qabu.
Yuunivarsiitiiwwan adda addaa keessatti barattoonni damee barnoota Afaan Oromoo fi ogbarruu
waraqaa eebbaa yeroo qopheessanutti yaaxxinaalee garaa garaa irratti hundaa’uun ogbarruu
Oromoo irratti qorannoo ni geggeessu. Kun immoo, guddina ogbarruu Oromootiif gahee guddaa
qaba. Qorannoolee kanaan dura geggeeffaman ilaalchisee hanqina jiru hubachuuf qorannoolee

2
namoota muraasaa haa ilaallu:Fayyeeraa (2011) Xiinxala Faayidaa Ogafaanota asoosama
Qoraattii sammuu irratti qorannoo geggeesse. Xiyyeeffannoon qorannoosaa ogafaanonni
Oromoo ogbarruu barreeffamaa keessatti hammam haammatamanii barreeffamuudhaan
daddarbaa jiru isa jedhu xiinxale.
Itti dabalees, Murteessaa (2011) Xiinxala asoosama Yaadaa yaaxxina Safuu Hawaasaatiin, mata-
duree jedhu yoo ta’u, xiyyeeffannonsaa asoosama Yaadaa keessatti safuun hawaasa Oromoo
akkamitti akka calaqqisaman xiinxaluu dha. Qorannoo Fayyeeraafi Murteessaa qorannoo koo
waliin wanti walfakkeessu, hojii kalaqaa asoosamoota Afaan Oromoo qeequu yoo ta’u,
asoosamoota garaa garaa yaaxxina adda addaatiin qeequun immoo garaagarummaa keenya.
Akkasumas, Lamlam (2013) Xiinxala Caaseffama Aangoo Koorniyaa Asoosamoota Suuraa
Abdii, Hawwii fi Illaa, ija yaaxxina Maarkistoota Dubartummaatiin, mata-duree jedhu irratti
qorannoo geggeessiteetti. Gumaachi isheen goote gaarii ta’ullee, dubartoota qofa irratti kan
xiyyeeffate dha. Isumaayyuu, asoosamoota isheen filatte irra jireessi isaa siyaasa, diinagdee,
seenaafi hawaasummaa isaan bakka bu’an kan waggaa dheeraa kan turani dha. Siyaas-
diinagdeen yeroo sanaafi ammaa immoo amma tokko wal buusa. Qorannoo koofi kan Mikaa’el
akkasumas, kan Lamlam wanti walfakkeessu qeeqni geggeeffame yaaxxina Maarkistootaan ta’uu
isaati, garaagarummaan jiru immoo, kan Mikaa’el sooshaalizimii bara Dargii ture irratti kan
xiyyeeffateefi asoosamoonni inni fayyadame Afaan Amaaraatiin kan barreefaman yemmuu ta’u,
qorannoon inni geggeesse immoo Afaan Ingiliziitiini. Kan koo garuu, asoosamni filatames
qorannoon geggeeffames afaan Oromootiini. Kan Lamlam immoo, dhimma dubartummaa qofa
irratti kan xiyyeeffatedha.
Kanaaf, qorannoo kana wanti adda godhu, dhimmoota yaaxxinichi irratti xiyyeeffatu kan akka:
diinagdeen, siyaasni, ilaalchi, hawaasummaan, dhaabbileenfi kan kana fakkaatan jiruufi jireenya
hawaasa Gumuz akkamiin akka bakka bu’aman qaaccessuu irratti fuulleffate. Kanaaf, qorannoon
kun qaawwa gama kanaan jiru guutuuf kan geggeeffame dha.
Walumaa galatti, qorannoon kun kallattii qorannooleen biroo hin ilaalleen qaawwa mullatan
guutuuf kan geggeeffame yoo ta’u, tokkoffaa asoosamoonni hedduun maxxanfamaa kan jiran
ta’ullee, qeeqni godhamu garuu hagas mara waan hin taaneef qorannoo koo qeeqa asoosamaa
irratti akkan geggeessu nakakaase. Sababni isaas, asoosamoonni maxxanfamaakan jiran ta’us
baay’achuun qofti guddina ogbarruu hin mirkaneessu yoo yeroo yeroodhaan qorannoolee fi
qeeqni bilchaataan kennamaa deeme malee.

3
Lammaffaa ija yaaxxina Maarkisiizimiin qeeqni geggeeffame hamma ani beekutti bay’ee
muraasa ta’uufi yaaxxina kana bu’ura godhachuun asoosama yeroon isaa as dhiyoo ta’e
akkasumas, kan kanaan dura qorannoon irratti hamman beekutti hin geggeeffamne asoosama
Gurraacha Abayyaa fayyadamuun achi keessatti haalli qabatamaa jiruufi jireenyi hawaasa
Gumuz akkamiin akka calaqqise qorannoo kanaan ifa godhameera.
Haaluma kanaan, gaaffileen bu’uuraa qorannoo kanaan deebii argatan haala armaan gadii
kanaan dhiyaataniiru:
 Asoosama “Gurraacha Abayyaa” keessatti dhimmi diinagdee akkamitti dhiyaate?
 Asoosamichi haala qabatamaa uummataa akkamiin dhiheesse?
 Asoosamni ‘‘Gurraacha Abayyaa’’ yaadiddama Maarkisiizimiitiin yoo madaalamu maal
akka fakkaatu?

1.3 Kaayyoo Qorannichaa

1.3.1 Kaayyoo Gooroo


Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa asoosama dheeraa “Gurraacha Abayyaa” jedhamu
yaadiddama Maarkisiizimiitiin qaaccessuu dha.

1.3.2 Kaayyoo Gooree


Kaayyoowwan gooree qorannoo kanaa:
 Asoosama ‘Gurraacha Abayyaa’ keessatti akkaataa dhimmi diinagdee itti mul’atu adda
baasuu
 Asoosamni ‘Gurraacha Abayyaa’ haala qabatamaa uummata Gumuz akkamiin akka
dhiyeesse addeessuu
 Asoosamni ‘Gurraacha Abayyaa’ yaadiddama Maarkisiizimiitiin yoo madaalamu maal
akka fakkaatu ibsuu

1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa


Qorannoon kun gaggeeffamee yoo xumuramu qaamolee adda addaatiif faayidaa ni kenna
jedhame yaadama. Firii qorannoo kana irraa qaamoleen garaagaraa ogbarruu oromoorra oolan ni

4
fayyadamuu jedheen yaada.Qaamolee fayyadamoo ta’aniifi faayidaa isaan argatan akka armaan
gadiitti ibsameera.
 Asoosama qorannichi irratti gaggeeffame dubbistoonni caalaatti akka hubataniif
gargaara.
 Namoota kitaaba og-barruu yookiin asoosama barreessuu barbaadaniif akka madda
odeeffannootti gargaaruu danda’a.
 Namoota qorannoofi qo’annoo kana fakkaatu yaaxina maarkiisiizimii irratti hundaa’uun
asoosamarratti hojjachuuf karoorfataniif ka’umsa ta’a.
 Barsiisotaafi barattoota og-barruutiif gumaacha godha.

1.5 Daangaa Qorannichaa


Asoosamoota Afaan Oromootiin barreeffamanii jiran hunda irratti qaaccessa gadi fagoo ta’e
adeemsisuun barbaachisaa ta’us, yeroo tokkotti hunda isaanii irratti gaggeessuun
rakkisaadha.Akkasumas, yeroo tokkoon firiiwwan asoosamaa hunda irratti qaaccessuun
ulfaataadha. Kanaafuu, qorannoon kun asoosamoota Afaan Oromootiin barreeffaman keessaa
asoosama dheeraa Dhaabaa Wayyeessaa “Gurraacha Abayyaa” yaadiddama Maarkisiizimiitiin
qaaccessuu irratti kan daangeffame dha.

1.6 Hanqina Qorannichaa


Qorannoon kun yeroo geggeeffamu keessatti rakkoon na mudate keessaa inni jalqabaa,
qorannoowwan mata duree qorannichaa wajjin walitti dhufeenya qaban akka barbaadametti argachuu
dhabuu yoo ta’u, madden qorannoo garaagaraa wabbeeffachuuf toora inteerneetii afaan Ingliffaan
barreeffaman gara afaan oromootti jijjiruun qormaata jalqabaa koo ture, Keessumaayyuu,
asoosamichi barreeffama dheeraa fi jechoota ulfaatoo ta’aanin barreeffamuun isaas ta’e giddugalli
asoosamichaa saba Gumuziifi aadaa isaa waan hammatuuf kitaabichaan walbaruun iyyuu yeroo
dheeraa kan nagaafateedha. Haata’u malee, hanqina gama qorannoowwan mata duree qorannichaa
wajjin walitti dhufeenya qabaniin na mudate ammuma argame fi darbee darbees hiikkadhee kanan
fure yoo ta’u, rakkoo gama asoosamichi dheeraachuufi aadaa Gumuz giddu galeeffatameetti of
madaqsuuf yeroo dheeraa fudhachuun hojiin kun xumuramuu danda’ameera.

5
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUUWWAN WALFAKKAATANII

2.1 Maalummaa Ogbarruu


Ogbarruun seenaa ilmaan namootaa keessatti bara dheeraaf kan ture waan ta’eef, yaadawwan
hedduun itti kennameera, falmiiwwaniifi qorannooleen baay’een irratti geggeeffameera.
Ogbarruu ilaalchisee waan hedduutu jedhame: Maalummaasaa, faayidaasaa, amalasaa, wanta
inni of jalatti haammatu, jijjiirama beekumsaa, falaasama, jireenya irratti dhiibbaa inni qabu
ilaalchisee wanti hedduun jedhameera. Akka hayyuun Meyer (2005, 1) ibsutti, “Literature does
not lend itself to single tidy definition because the making of it over the centuries has been as
complex, unwieldy and natural as life itself” jedha. Yaadni waraabame kun akka ibsutti,
ogbarruu jecha tokkoon kaa’uun mijataa akka hin taane agarsiisa. Sababni isaas, ogbarruun
jaarraawwan darban keessatti mul’ataa ture ulfaatina, walxaxiinsaafi jireenya namaan hidhata
waan qabuuf ogbarruuf hiika tokko kennuun rakkisaa ta’uusaa agarsiisa.Kana jechuun immoo,
ogbarruuf yaadrimeen kennamu oolee bubbulee jijjiirama haala jireenya uummataa waliin
jijjiiramaa deema jechuu dha.
Hiika ogbarruu ilaalchisee, ogeessota ogbarruutiin alas ogeessotni biroon kallattii ogummaa
isaaniitiin ilaaluun ogbarruuf hiika kennuuf yaalanii jiru. Kun immoo, ogbrruun dhimma
baay’eefi damee hedduu kan of jalatti qabuufi akaakuuwwan beekumsaa baay’ee wajjin walitti
dhufeenya qabaachuusaa nutti agarsiisa. Kanaaf, ogbarruu jecha tokkoon hiikuun baay’ee nama
dhiba jechuu dha. Hiikni ogbarruu rakkisaa ta’uu isaa Asafaan (2009) akkas jedhe, Hiika
ogbarruu kana yookiin sana jedhanii kaa’uun ulfaataadha. Ogbarruun muuxannoo waan jiruu-
jireenya keessatti keessa dabarruuti. “It is impossible to define literature. It is an experience of
life” jedha.
Walumaa galatti, hiika ogbarruu ilaalchisee hayyuleen adda addaa hiika garaagaraa kennanullee,
Ogbarruun yeroon walqabatee waan jijjiiramuuf hiikni isaas walumaan jijjiiramaa kan deemu
ta’uusaa, muuxannoo ilmaan namaa ta’uu isaa, geggeeddaramaa, foffooyya’aafi hojii kalaqaa
tahuu isaatti garuu walii ni galu.

6
2.2 Gosoota Ogbarruu
Ogbarruun hojii kalaqaa ilma namaa kan barreessaan ogbarruu wantoota addunyaa dhugaa
keessatti mul’atan addunyaa arga-yaadaa keessatti akka mul’atanutti faayee akkaataa sammuu
dubbistootaatti toluun bocee barreeffamaan kan dhiyeessu dha. Ogbarruun kun hojiiwwan
kalaqaa kan akka: asoosama, walaloofi diraamaa of jalatti haammata. Gooroowwan ogbarruu
kanneen keessaa qorannoon kun asoosama irratti kan fuulleffate dha.

2.3 Maalummaa Asoosamaa


Asoosamni gooroowwan ogbarruu keessaa tokko ta’ee kan barreessaan tokko gochaalee
addunyaa haqaa keessatti namoota hawaasa keessa jiraataniin raawwataman yookiin
raawwatamuu danda’u jedhee yaadu bu’ura godhatee akka hubannoofi ilaalcha isaatti kan
qindeessudha. Akkasumas, haalli jireenya hawaasaa kan keessatti mul’atuu fi suuraa jireenyaa
yookiin muuxannoo hawaasaa deebisee hawaasaaf dhiyeessa. Asoosaan tokko asoosama isaa
keessatti gochaalee fi haqawwan hawaasaa, aadaa, afaan hawaasa bara inni kitaabicha asoosama
barreesse sana jiraatu keessatti mul’atu nutti agarsiisuu danda’a. Akkasumas, raaga isaa kan gara
fuula duraa calaqqisuu kan itti danda’udha.

2.3.1 Gosoota Asoosamaa


Asoosamni haala bal’inaafi ijaarsa isaa irratti hundaa’uun bakka gurguddoo lamatti qoodama.
Isaanis: asoosama gabaabaafi asoosama dheeraa jedhamu. Asoosamni gabaabaan, hojii kalaqaa
sammuu barreessaatiin kalaqamuu fi ergaa tokko qofa kan of keessatti qabatuudha. Maalummaa
asoosama gabaabaa ilaalchisee hayyuun (Robert, 2000) akkas jedha’ asoosamni gabaabaan hojii
kalaqaa hanga daqiiqaa soddomaa keessatti dubbifamuu danda’uufi jechoota kuma kudhanii ol
hin taaneen kan kalaqamuudha’ jedha.

2.3.2 Asoosama Dheeraa


Maalummaa asoosama dheeraa ilaalchisee, (Cuddon, 1999) akkas jedha, asoosamni dheeraan
gosa ogbarruu ammayyaa ta’ee seeneffama dheeraa sammuu barreessaatiin kalaqameefi bifa
holoolootiin kan dhiyaatudha. Asoosamni dheeraan hojii kalaqaa jiruufi jireenya dhala namaa
7
bal’inaan bocee namatti agarsiisa. Kana malees, gosti asoosama kanaa seenaa qooddattootaa
dhalootaa kaasee hanga du’aatti duukaa deemee kan ibsuu danda’uudha. Dubbistoonnis,
asoosama gosa kanaa yemmuu dubbisan gochaan raawwatameefi bakki itti raawwatame waan
jireenya isaanii keessatti beekamuuf gochicha keessatti kan hirmaachaa jiran itti fakkaata.
Haaluma kanaan, xiyyeeffannoon qorannoo kanaas asoosama dheeraa irratti.

2.4 Asoosamaafi Hawaasummaa


Hawaasummaan qaama yaadrimee bal’aa of keessaa qabu ta’ee asoosama waliin walitti
dhufeenya cimaa kan qabudha.Sababni isaas, ogbarruun calaqqee jiruufi jireenya hawaasaa waan
ta’eefi.Kanaaf, hawaasni hin jiru taanaan ogbarruunis hin jiru jechuudha.Asoosamni dhimma
hawaasummaa dhiyeessuu keessatti humna guddaa qaba. Keessumattuu dhimmoota akka aadaa
hawaasichaa, seenaa, diinagdee, siyaasafi kan kana fakkaatan ifa gochuu keessatti gahee inni
qabu olaanaa dha. Dhimmoota hawaas-aadaa kan jedhamanu kanneen akka hariiroo maatii,
safuu, duudhaa, jaalala, jibba, tokkummaa, inaaffaa, gaddaa, gammachuufi kan kana fakkaatani.
Yaaduma kana cimsuudhaan Zarihuun (1998, 154) irratti akkas jedha, “asoosamni tokko yeroo
qophaa’u aadaa barichaa, haala jireenya hawaasichaa, akkasumas afaan hawaasichaallee haalaan
nutti agarsiisa,” jedha.Afaan wantoota aadaa hawaasichaa ittiin calaqqisan keessaa isa tokko
waan ta’eef dhimmoota asoosamni tokko ibsudha.

Asoosamni dhimmoota kana yeroo dhiyeessu dhimmoota biroonis walmakee dhiyeessuun


beekama. “Community is thus a complex concept possessing varying ethical, political, social,
psychological and epistemological dimension which finds recurrent expression as a literary
theme” Jennifer McClinton (2011, 19). Akkasumas, asoosama keessatti walitti bu’iinsi nama
dhuunfaafi hawaasa bal’aa gidduutti kan raawwatu ta’uun dhimma ijoo ta’ee dhiyaachuu
danda’a. “The confilict b/n individual and the community is a common theme in literature and
focuses on opposing forces, society, history and the community at odds with individual
subjectivity, desire and will” (McClinton 2011, 20). Walumaa galatti, asoosamni dhimmoota
hawaasummaa ogumaan faayee kallattii garaagaraatiin kan dhiyeessuufi hawaasa waliin adda
bahee jiraachuu kan hin dandeenyedha.

8
2.5 Asoosamaafi Siyaasa
Asoosamni siyaasa qabatamaan hawaasa keessa jiru mul’isuuf humna guddaa qaba.Haaluma
kanaan sabni Oromoos ta’e haawasni biroon sirnoota garaa garaa keessatti rakkinaafi bal’ina
dabarse ifa baasee addunyaatti mul’isuu keessatti gaheen asoosamni taphatu hammana hin
jedhamu. Kanaaf immoo, kan ragaa tahu asoosamoota bara 1983 ALH jalqabee Afaan
Oromootiin barreeffamaa jiranudha.

Asoosamoonni kunneen karaa kallattiinis ta’e alkallattiin xiyyeeffannoon isaanii gabrummaa


jaarraa tokkoo oliif saba kanarra ture kanneen ibsanu, qabsoo bilisummaa kanneen leellisanu
akkasumas, sabni Oromoo sirna abbaa hirree ofirraa fonqolchuudhaan bilisummaa isaa akka
gonfatu raajuudhaan kan abdii agarsiisanudha. Sababni isaas, dhimmi siyaasa Oromoo fi
cunqurfamtoonni saboota Itiyoophiyaa hedduun amma har’aatti deebii qubsaa hin arganne waan
ta’eefidha.Kanaaf, hawaasni Oromoo dhimma ofii ilaalchisee quuqqaa, komiifi muffii dhimma
siyaasaa irratti qabu ogbarruu isaatti gargaaramuun ibsata jechuudha.Sababa kanaatiif,
asoosamni dhimmoota garaagaraa haadhiyeessu malee, dhimmi siyaasaa achi keessatti
olaantummaadhaan argama.Barreessaan asoosamaas taateewwan jireenya dhugaa gara
asoosamaatti fidee oguma kalaqaatiin faayee akka calaqqeetti hawaasaaf dhiyeessa.Asoosamni
hojii qorannoo kanaatiin qeeqamee dhiyaatus haala siyaasa yeroo ammaa keessatti qabsoon
uummata Oromoos ta’e sabni biroon keessumaa sabni Gumuz maal akka fakkaatuufi dhiibbaa
saba kanarra gahaa jiru ilaalchisee asoosama “Gurraacha Abayyaa” keessatti akkamiin
calaqqisame? dhimma jedhu kan qeequ ta’a.

2.6 Asoosamaafi Diinagdee


Jiruufi jireenya hawaasa tokkoo keessatti dhimmi diinagdee dhimma bu’uraafi murteessaa
ta’edha. Dhimmoota diinagdeen walqabatanii hawaasa keessatti rakkoo uumaa jiranu karaa
asoosamaatiin ifa baasuun ni danda’ama. Kanaaf, asoosamni dhimma diinagdee dhiyeessuu
keessatti walitti dhufeenya walxaxaa achi keessa jiruufi caasaa garee hawaasaa jiruun haala wal
fakkeessuun dhiyeessuun, kan saamuufi saamamu uumuun ogumaan faayee dhiyeessa.
Dhimmuma kana Sarah Comyn (2018, 32) yoo ibsu, “The novel’s intricate relationship with the
economy and class structures means that contradictions within its own construction can
underscore anxieties and conflicts present in society” jedha. Kanaaf, asoosamni dhimmoota

9
diinagdeedhaan walqabatan kallattii adda addaatiin dhiyeessuun rakkoo hawaasa keessa jiru ifatti
baasa.Asoosama kana keessatti haala kaappitaalistoonni saamicha hamaa diinagdee Gumuz
irratti geggeessan haala itti ibsametu jira.

2.7 Yaaxxina Maarkisiizimii


Maarkisiizimiin falaasamaafi sirna siyaasaa hojiiwwan hayyoota Jarman Kaarl Maarkis (1818-
1883) fi Fireedik Engils (1820-1895) irratti kan hundaa’e dha. Yaadiddamni yookiin sirni
siyaasaa hojiiwwan jara kanaarratti hundaa’e Maarkisiizimii jedhama.
Yaadiddamni kun dhimmoota bu’uraa diinagdee, ijaarsa garee hawaasaa (class), gahee
dhaabbilee adda addaa humna diinagdeedhaan marfamaniifi ilaalcha (ideology) irratti qeeqaafi
xiinxala akkasumas yaada falaasamaa bal’aafi gadifagoo kaa’eera (Murfin fi Ray 2003).
Qeeqni Maarkisiizimii ogbarruu akka bu’aa hojiitti ilaala. Hordoftoonni isaas kan xiyyeeffatan
gitniifi sirni haala qabatamaa hawaasummaa calaqqisiisuu isaanii irratti. Barreeffamoonni hiika
dhoksaadhaan baatu osoo hin taane kallattii hawaasummaatiin bu’aan isaanii mul’achuu akka
qabu Maarkistoonni ni eeru. Maarkisiizimiin bara kam keessattuu waldhabbii gita irree qabuufi
gita cunqurfamaa jidduu jiru dhugaafi haala qabatamaa akkamitti agarsiisa kan jedhu irratti
xiyyeeffata. Sochiiwwan siyaasaafi hawaasummaa hundaaf bu’ura (base) ta’ee kan tajaajilu
diinagdee akka ta’e yaaxxinni Maarkistootaa ni ibsa. Kanneen biroo kan akka barumsaa,
falaasamaa, amantaa, mootummaa, aartii, sab-quunnamtii, saayinsiifi teeknooloojiifi kan kana
fakkaatan diinagdee irratti ijaaraman (Guerin, 1992).

Malli qeeqa ogbarruu Maarkistootaa, gosa mala qeeqa ogbarruu keessaa tokko ta’ee bu’aan hojii
ogbarruu kan mul’atu haala jiruufi jireenya yeroorratti hundaa’uun garee namootaafi ilaalcha
isaan qaban maal akka ta’e hubachuu irratti dha. Haalli xiyyeeffannaa hiika isaanii walitti
dhufeenya ogbarruufi diinagdeen qaban garee namootaa irratti dhiibbaa qabu hubachuurratti dha
(Guerin,1992, Murfin and Ray,2003).

Akka Maarkistootaatti wantoonni hawaasa keessatti uumaman hundumtuu kan irratti


hundeeffaman diinagdee (economy) irratti. Hayyuun Siegel (1970) akka ibsutti, Maarkis
bu’ureeffachuudhaan “The economic relation forces and relations of production or modes of
production are the primary determining factors in all social relation” jedha.Akka yaada waraabbii
kanaatti, walquunnamtii hawaasummaaf inni bu’uraafi duraa akkasumas, humna-qabeessi

10
diinagdee ta’uu isaati. Gama biraatiin, jiruufi jireenyi hawaasaa kan irratti hundaa’u
qabeenyarrattidha yaada jedhu of keessatti qabata.

Itti dabalees, hayyuun Biztray (1978) waa’ee bu’ura caaseffamaa yeroo ibsu akkas jedha: “…the
active production man gradually creates an increasingly sophisticated relation to his material
world and to his fellow men.

The sum total of production fuctors is called the “economic base” of human existence, from
which rises the legal and political superstructure and to which corresponds definite forms of
social consciousness.…with the change of the economic foundation the entire immense
superstructure is more or less transformed. In short there is notiong in human consciousness or in
its products (to which literature and art also be longs) that does not originate in the economic
conditions of a given age.

Akka yaada hayyuu kanaatti, walitti hidhatiinsi namootaafi meeshaalee itti fayyadamaniif bu’urri
haala diinagdeeti.Gabaabumatti, dammaqina uummataatiif yookiin bu’aa hawaasaa ogbarruufi
aartii qabuuf bu’urri diinagdee yookiin qabeenya waan ta’eef namoonni umrii kamiyyuu gidduu
jiranu qabeenya malee dammaqina qabaachuu hin danda’anu yaada jedhu of keessaa
qaba.Hayyuun Eagelton kanuma yaada kana deeggaru kaasa , xiyyeeffannoon Maarkistootaa
bu’urriifi caaseffamni isaa kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan diinagdeerratti ta’uu isaati.
Ilaalchi hawaasummaa kallattiidhaan bu’aa hojii ogbarruu keessatti karaa qabiyyeefi uunka
ogbarruutiin kan tumsamudha. Bu’urri caasichaas, diinagdee yoo ta’u, caasaaleen kaan kanneen
akka siyaasaa, aartii, amantii, seeraa sadarkaa lammaffaarratti kan dhufaniif kan diinagdeedhaan
uunka isaanii jijjiiruu danda’anidha.

11
BOQONNAA SADII: MALA QORANNICHAA

3.1 Saxaxa Qorannichaa


Qorannoon kun asoosama mata-dureensaa “Gurraacha Abayyaa” jedhu irratti yaaxxina
Maarkisiizimiitiin xiinxalli kan geggeeffame yoo ta’u, yaadolee asoosamicha keessaa walitti
sassaabamee dhimmoota akkamii akka ibsan xiinxaluun ibsameera. Kanaaf immoo, mala
qorannoo akkamtaatti dhimma ba’ameera. Yaada kana kan cimsu Dastaan (2013, 29) yoo ibsu,
“Qorannoon mala akkamtaan geggeeffamu tokko odeeffannoo argate, mala addeessaatiin yookiin
mala ibsaatiin dhiyeessuuf gargaara” jedha. Saxaxni kunis iddattoo qorannoo irratti
hundaa’uudhaan ragaalee sassaabaman jechaan ibsuuf dhimma itti ba’eera.

3.2 Madda Ragaa


Maddi ragaa qorannoo kanaa asoosama filatamedha. Kunis kan ta’eef, ragaleen kallatiidhaan
asoosama filatame keessaa waan sassaabameefi. Asoosamni “Gurraacha Abayyaa” jedhu
dhimmoota diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa ummata Gumuz ilaalchisee maal jedhe?, ergaa
maalii dabarse?kan jedhuuf ragaan asoosamicha keessaa fudhatameera. Kanaaf, qorannoon kun
madda ragaa sadarkaa tokkooffaa (primary source of data) tti dhimma kan bahe yoo ta’u innis,
mala sakatta’a barruu (texual analysis)ti jechuudha.

3.3 Iddattoofi Mala Iddatteessuu Qorannichaa


Qorannoon kun tooftaa iddattoo akkaayyootti dhimma bahameera. Mala kanatti fayyadamuunis,
asoosamoota yeroo dhiyoo maxxanfaman keessaa kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf
asoosama mata-dureen isaa “Gurraacha Abayyaa” jedhu filatameera.Dhimma kana ilaalchisee,
Addunyaan (2011, 66) Dawson (2006) wabeeffatee faayidaa iddatteessuu akkaayyoo akkas
jechuun ibsa.“Iddatteessuun akkaayyoo akaakuu iddatteessuu miti-carraa keessaa tokko ta’ee,
kan qorataan beekumsa dhimmicharratti qabu irraa ka’uun kanneen odeeffannoo sirrii ta’e irraa
argachuun danda’a jedhee amanu, ofii isaatii kan murteessu dha” jedha. Bu”uruma kanaan
qorannoo kanaafis malli iddattoo kunhojiira ooleera.

12
3.4 Mala Qindeessuufi qoqqooddii Ragaalee
Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan asoosama dheeraa “Gurraacha Abayyaa” sakatta’uun
yaadiddama Maarkisiizimiitiin qaaccessuudha.Qorannoo kanaas galmaan ga’uuf
odeeffannoowwan barbaachisoo ta’an asoosama kana keessaa sassaabbadheera.

Odeeffannoowwan sassaabbadhe kanas gosa gosa isaaniitiinan ramade. Ramaddiin kunis


qabiyyee asoosamichaa irratti hundaa’uun hawaasummaa, siyaasa, diinagdeefi kan kana
fakkaatan jechuun qoqqooddame.

3.5 Mala Xiinxala Ragaalee


Hojii qorannoo kana keessatti yaada asoosamichaa qaaccessuuf duraan dursee kitaabicha
xiyyeeffannoon dubbisaa deemuudhaan keeyyata qabxiilee yaaxxinichi bu’ura godhateen walitti
dhufeenya qabanu fuula isaa waliin qabatamaa adeemameera. Qaaccessa ragaa ilaalchisee
Addunyaan (2011: 62) yoo ibsu, dhimma qoratamu sana ilaalchisee maaltu akka ta’eefi maaltu
ta’aa akka jiru tartiibessuudha. Kutaa kana keessatti qorataan ragaa kuufatee lafaa qabu iddoo
hiika itti kennudha.Bu’uruma kanaan, ragaa sassaabame qulqullinaan qindeessuun
qaacceffameera.Ragaan funaaname asoosamarraa waan ta’eef, haala dhugaa addunyaa
asoosamichi keessatti barreeffame bira qabuun hiikni itti kennameera.Kunis ragaan funaaname
dhugaa qabatamaa waliin yeroo walbira qabamee ilaalamu maal jechuu akka ta’e hiikni itti
kennameera.

13
BOQONNAA AFUR: RAGAA HIIKUUFI QAACCESSUU
Qorannoon kun asoosama dheeraa ‘Gurraacha Abayyaa’ yaadiddama Maarkisiizimiitiin
qaaccessuu irratti xiyyeeffatee gaggeeffame yoo ta’u, yaadiddama Maarkisiizimii ilaalchisee
yaadni adda addaa yeroo garagaraatti hayyuuwwan garagaraatiin kaafamaa tureera. Qorannoo
kana keessattis yaada hayyoota kanaa ilaalcha keessa galchuun qorannoon kun gaggeeffameera.

4.1 Yaada Waliigalaa Asoosama ‘Gurraacha Abayyaa’


Asoosamni hojii kalaqaa waa’een namaa, namaaf deebi’ee ittiin agarsiifamudha. Barreessaan
addunyaa asoosamaa uumuudhaan dhimmoota garaagaraa kan akka siyaasaa, diinagdeefi
hawaasummaa irratti xiyyeeffatee waan ofii hubate dubbistoonnis akka hubatan taasisa.
Addunyaan asoosamaa kunis kan uumamu caacculee asoosamaa irraati. Kaayyoon asoosama
tokkoo barreeffameef galma gahuu kan danda’u, ijaarsiifi qindoominni caacculee asoosama
sanaa gidduu jiru, akkasumas filannoon jechootaafi ijaarsi himootaa xiyyeeffannoo argatanii of
eeggannoon kan raawwataman yoo ta’eedha. Asoosamoonni Afaan Oromootiin barreeffamanis
gama kanaan ga’umsa yoo qabaatan, ogbarruun barreeffamaa afaanichaa sadarkaa isaa kan
eeggate ta’a; guddina afaanichaafis gumaacha guddaa qabaata. Qorannoon kunis yaada kanarraa
ka’uudhaan kan geggeeffame yoo ta’u, asoosama ‘Gurraacha Abayyaa’ yaadiddama
Maarkisiizimiitiin qaaccessuu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoo gooroon qorannichaa
asoosama kana ija yaadiddama Maarkisiizimiitiin xiinxaluu yoo ta’u, kaayyolee gooreen immoo
asoosama ‘Gurraacha Abayyaa’ keessatti akkaataa dhimmi Siyaas-diinagdee itti mul’atu adda
baasuu, asoosamni kun haala qabatamaa uummataa Gumuz akkamiin akka dhiyeesse addeessuufi
asoosamni ‘Gurraacha Abayyaa’ yaadiddama Maarkisiizimiitiin yoo madaalamu maal akka
fakkaatu ibsuudha. Malli qorannoo kanaa xiinxala barruu yoota’u, kitaaba tooftaa iddatteessuu
kaayyeeffataatiin filatame kana keessaa ragaan funaaname, qabxilee kaayyoo gooreefi yaaxina
qorannichi bu’uura godhateen walsimsiisuun qaaccessi taasifame boqonnaa kana keessatti
dhihaateera.
Asoosamni dheeraan mata duree “Gurraacha Abayyaa” jechuun barraa’e kun wantoota asoosama
tokko asoosama taasisan of keessaa kan qabuufi akkaataan ijaarsa isaaniis ulaagaalee beektotaan
ibsaman kan guutu ta’ee mul’ata. Qindoomina caacculee gidduutti jiraachuu qabuun asoosamni
kun haala gaariin qindaa’ee kan mul’atu yoo ta’u, dabalataanis asoosamichi namfakkiifi
waldiddaa gidduu qindoominni gaariin kan keessatti mul’atuudha. Dubbiiwwan qolaa,
jechamootaafi mammaaksonnifi filannaa jechootaa barruu asoosamichaa keessatti kan

14
haammataman yoo ta’u, dhimma ibsuuf yaadame sirriitti agarsiisuu kan dand’eefi eenyummaa
namfakkiiwwan seenaa asoosamichaa keessatti argaman wajjin kan walsimanidha. Ijaarsa
himootaa keessatti irra deddeebiin qaamolee afaanii adda addaa irratti kaayyoodhaan taasifame,
yaada ibsamu sanaaf xiyyeeffannoon kennamuu isaa agarsiisuuf, asoosama kana keessati
bal’inaan mul’ata.Kunis barruu asoosamaa kanaaf miidhagina ta’eera. Gama duraaduuba
jechootaatiin wayita ilaalamu, seera afaanichaa hordofanii kan naqaman ta’anii mul’atu.
Akkasumas himegeree, addeessuu, waliin dubbiifi, duubdeebiin malawwan barruu/ wal
simsiistota/ asoosama kana keessatti dhimma itti bahame yoo ta’u, qindoomina caacculee
asoosamichaaf gumaachi isaanii guddaadha.

4.2 Xiinxala Haala Diinagdee


Akka Maarkistootaatti wantoonni hawaasa keessatti uumaman marti diinagdee irratti
hundeeffamu. Diinagdeen jiruufi jirenya dhala namaa waliin walitti hidhatiinsa cimaa kan
qabuufi dhimma bu’ura ta'edha. Kanaaf, namootni umurii kamiyyuu gidduu jiranu qabeenya
yookiin diinagdee malee dammaqina qabaachuu hin danda’anu jechuudha.Hawaasni diinagdee
gaarii qabu siyaasa tasgabbaa’aafi jireenya mijataa uumuu danda’a.Hawaasni diinagdeen
miidhamaa ta’e immoo, faallaa kanaati.Isuma qabutu gara barbaadetti isa oofa.Hawaasni
diinagdeen hin cimne taanaan, sirna siyaasaa addunyaa kanaa yoo fidanii itti haasa’an homaa hin
fayyadu. Kanaaf, diinagdeen madda bilisummaati jechuun ni danda’ama. Beeniishaangul gumuz
saba qaroomarraa booddetti hafa dachee xiqqoo magariisaafi bishaan laga Abayyaa naannootti
tuuta’aani jireenya ammayyuummaarra fagaate haa jiraataniyyuu malee , qabeenya uumamaa
kanneen akka albuudota,bosona fi bineensotaa bosonaat kan qabaniidha. Qabeenyi ishee kun
saba Gumuziif gahaa kan ture dha. Haata’u malee, qabeenya Gumuz qabdu kanarraa sabichi
faayidaa argachuu qabu argachuu hin dandeenye. Kun immoo, saamichadiinaan taasifamaa
tureefi jiru irraan kan ka’edha. Haaluma kanaan dhimmi diinagdee saba Gumuz asoosama kana
keessatti akkamiin ibsamee jira? Yaadni kun akka armaan gadiitti dhiyaateera.
“Guyyaa du’e sana bineensa adamsuuf jecha dhiirota adaree wajjin mana ba’e-
Badijaa Bakaaloo.otuu laga irraa lagatti darbanii bineensa barbaadanii
warabboo tokkotti ba’an,hundinuu bakka bakka qabatanii itti
dhukaasan.Warabboon rasaasaan rukkutame garuu akka billaachaa kaate jalaa
bade.Badijaan utuu laga irra ce-ce’ee barbaaduu miiltoo isaa irraa fagaatee
deeme.Dhumarratti,warabboo utuu hin taane waan takkaa taha jedhee hin
yaadinitti ba’e.Karaa booda isaa rasaasawwan lama waltakkaa itti
dhukaasaman.Of duuba garagalee illee ilaaluu hin dandeenye.Rasaasawwan
lameen gatiittii fi mudhii isaatti naqaman yeroo itti

15
gabaabsan……………….Takkaatti qaamni isaa waxalamee,akkuma lafatti
gombifametti ilkaan isaa biyyoo qorquu jalqabe.” (fuul.5fi6 )
“Isheen bakka jilbeenfattee boqqolloo daakaa turteetti harkishee majii irratti
gogee,mormaa yaastee isa ilaalti”(fuul.10)
Waraabbii armaan olii irraa hubachuu akka danda’amutti, rakkoon diinagdee akka abbaan
barbaadutti kan nama hinjiraachifneefi fedhii abbaa malee waan hinbarbaadne kan nama
unachiiftuufii kan waan barbaadan nama hin nyaachisne ta’uu nama hubachiisa.
“Amma yeroo oduun gurra isaa cabsu kun itti dhufu immoo Bacangireenis tahe
abbaa niitii sanaa,Badijaa ajjeesse faachaan maqaa isaa qulqulleessuuf
kakate.Dhaadannaan isaa kunis otuu torbaan tokko hin fixiin garagalee adaree
mattin dhufee Bacangireetti himame.Gamaa fi gamanaa dhaadannoo ta’e-
Bacangiree Bakaaloo ,goota Gumuzii fi Gabruu Tafarraa,Nafxanyicha of tuulaa
abbaa isaatii jalqabee Gumuuz fi Oromoo bitaa ture gidduutti.Anatu dursa anatu
dursaa waldorgommii jagnummaatu belbele.’’(fuul.15)
“Nama waa’ee naannoo sana itti odeessu haa hafuu nama afaan isaan beekan
dubbatu illee argachuu hin dandeenye.Afaan Gumuuziinis Afaan oromootiinis itti
dubbachuu yaalee ture’’-Teetoon.(fuul 96fi97)
Akka waraabbii kana irraa hubachuun danda’amutti namootni abbootii taayitaa dayeeffachuun
sanyii isaaniitti maxxananii lammiilee biroon hayyama isaanii malee nyaatanii buluun haa hafu
lubbuun jiraachuuf akka isaan gaafatan dirqama seerri kenneef itti fakkaata.Hidda sanyii isaanii
lakkaa’achuun haala mijeeffachuuf akkasumas garaa isaanii guuttatanii buluuf jecha uummata
irratti saamicha gaggeessan kan jiran ta’uu isaa hubachiisa. Namootni akkasii yeroo baayyee
bakka wayi itti argamtu adamsu waan ta’eef bakka sana hinhanqatanu. Erga achirra gahaanis
booda fedhii mataa isaanii guuttachuuf jecha hawaasa qixxeetti walqixxummaa mirgaa
qooddachuu qaban tufatanii madda dinaagdee isaanii kan ta’e lafa isaanirraa ari’aanii jiraachutu
daangaa darbaani akka isaan deeman itti mul’isa.Namoonni nama akka ta’aan gonkumaa itti hin
mul’atu waan ta’eef akka isaan tajaajilaniif ramadatanii dinaagdee haawasa isaanii fooyyeffatanii
buluutu mul’ata.
Ija Maarkistootaan qabeenya kuusachuuf olii gadi fiiguun haamilee namummaa nama keessatti
ajjeesa. Namni akkasiis gamoo ijaaruu ,lafa saamuu malee kan irraa saamuufi kan irratti ijaaru
akka hin argineef ija isaatu jaama. Kun adeemsa kaappitaalistootaa yeroo ta’u amalichi isaan
agarsiisan ammoo kallattii garagaraan bakka garaa garaatti ni mul’ata.
“Bakka mija’aa ijaan barbaadachaa muka guddaa tokko jala deeme.’Har’aaf as
bulla.kan egeree Rabbi tu beeka’jedhe obboleetti isaatiin’’(fuul.99)
16
‘’yeroon minyooftuun gabaabbatte hafte sun akka minyoofteetti onnee isaa keessaa
dhikkifatti.garuu yaadannoodha….Eelaa yaadannooti…Har’a….Har’a,kun hundi
waan darbe ta’e jira-Kun hundi awwaalamee jira.otuu kana hunda akka taheetti
irraanfachuu danda’ee iyyuu,waan hojjetanii qehee kana jiraatan itti hin
mul’atu…Abbayyaa hin jiru-Jirbiin hin jiru-Boqqolloon hinjiru-Adamoon hin
jiru…(fuul.100)
Dhimmi diinagdee waraabbii kanarraa hubatamu, cunqursitoonniifi saamtonni biyyaa hammam
akka miidhaan, Namoota qe’ee abbaa isaanirraa ari’atanii saba waan ittiin jiraatu qabu beela fi
gadadoo hamma lubbuu isaaniif sodaachisuu keessatti akka kufisan lammiileen sun oyruu utuu
qabani dachee irra ijaajan illee akka dhorkaman,warra dhugaan mucaa nama harkaatti
hudhamtee,ofi coomee bonaafi ganna hin beekne yoo jedhu, haxxoonni kun uummatuma saaman
kanarratti deebi’anii kan boonuf Addunyaa jireenya dukkanneessuu isaanii mul’isa. Kunimmoo,
tuffii uummatichaaf qabanu agarsiisuun ol’aantummaa isaanii ofuma isaaniitiif mirkaneessu.
Karaa nagaa duraan uummanni irra yaa’u diiguun karaa cirrachaa kan hawaasni bal’aan irra
deemuuf hin mijanneef baasan. Kana kan godhanis ittuma yaadanii akka uummaticha keessa
bakka garaa isaanii deemanii saamuuf mijatuuf jedhaniitu.Tooftaa saamichaati jechuudha.
Kanammoo kan godhanu fedhiifi faayidaa namoota muraasaa yookiin gartuu isaanii giddu-
galeessa godhachuudhaani. Isaan garuu, waan jabduu hojjetan godhanii of dhaadhessu.
Kunimmoo, ofittoofi albaadhessummaa isaanii mullisa. “waan isaan godhan irraanfachuu hin
danda’u yeroo jedhu humna ooyruu isaanirratti kaleessa qaban seenaa yaadate mankarara.godoo
keessa jiraatu keessa baafame muka gaaddisaa biyya ormaa kajeela.

4.3 XiinxalaAsoosamni‘GurraachaAbayyaa’Haala Qabatamaa


Uummataatiin
Ummanni Gumuz aadaa beekamaa ta’e kan mataasaaa qaba. Akka itti sadarkaa jireenyaa
keessatti dhaloota hirmaachisu, guddina hawaasummaa keessatti akkaataa itti hirmaatu, akka itti
beekumsa hubatu ni qaba. qaaccessa taasifameen Asoosamni Gurraacha Abayyaa kunis haala
qabatamaa uummatichaa hammam ibsa jedhamee yoo ilaalamu asoosamni kun dhugaa hawaasa
keessa jiru kan sirriitti ibsuufi haala jiruuf jireenya hawaasa asoosamichi barreeffameef kan
giddugaleeffate ta’uusaa hubachuun danda’ameera. Dhimmootni aadaa walgargaarasa,
walkabajuu, walittidhufeenyi, waliin hojjachuu, jaalalliifi kan kana fakkaatan asoosama kana
keessatti kan ka’an yoo ta’u, haalli dhiyyeessi asoosama Gurraacha Abayyaa haqa hawaasa

17
keessa jiruun adda kan hintaaneefi waanuma hawaasicha keessa jiru deebisee hawaasichatti fi
saba birootti keessuma oromootti kan agarsiise akka ta’e hubachuun danda’ameera.
Asoosama kana keessatti namfakkiiwwan hedduun kan jiran yoo ta’u, haalli biffeessuu
barreessaan asoosamichaa namfakkiiwwan asoosamichaa itti bifeesse akka itti aanutti
qaacceffamuun dhihaateera. Namfakkiiwwan asoosamicha keessatti namfakkoota kanneen
akka;Teetoo,Bacangiree,Badijaa,GabruuTafarraa,Yaalungee,Dooccaa,Eedaansii,Eelaawee,
Mulaatuu,Mashashaa,Doossoo,BaanziiDaanyoo,Daanbee,Yeenchee,Eemboo,Daassanaa,Giiloo,Y
ecaaguulaa,Bagundoo,Sassoo Bagidii,Gaanstee,Batoo,Doolloo,Gonfaa Gannaa,Ayyaalnash ni
caqasamu. Haala namfakkii olaanaa asoosama Gurraacha Abayyaa Teetoon asoosamicha
keessatti jalqaba hamma dhumaatti kan argamu namfakkii olaanaa asoosamichaati.innis ilma
Bacangiree obbolleessa Dooccaati.abbaa isaa wajjiin adaree mattiin ture. Waa’ee Teetoo
asoosama kana keessatti yoo ibsu,
“Yeroo reeffi Badijaa wasaasaa baatamee ganda isaanii dhaqqabu,Teetoo fi
abbaan isaa,Bacangiree Bakaaloo ,mana ta’aanii,farsoo baadheedhaan wal
harkaa fuudhanii dhugaa turan.Teetoodha ka dura sagalee dhaga’ee gad
ba’e.Ijawwan isaa amanuu hin dandeenye…………itti fiige bira ga’ee yeroo
Badijaa ta’uuhubatu ‘Baabuu!...Baabuu!...jedhaa gara manaatti kaate.”(fuul, 7)
Barreeffama kana irraa kan hubachuun danda’amu, Teetoon ilma abba jalatti guddate nama miira
gumaa baafattummaa of keessaa qabuufi nama namaa gadi ta’ee mul’achuu hinbarbaanne ta’uu
isaati. Kanarraa ka’uunis murtii ofirratti dabarseen harkaa gadheetti du’uurra xinnoo
quxisuusaati fudhatee ilmaa garbummaa baqatudha.
“ Teetoon Ilkaan isaan hidhii isa gadjallaa ciniinee,keessa keessaa isaatti
dubbatee’Yaa onneeko jabaadhu !...Jabaadhuu, siidaa Abayyaa ta’i!...laaftee
imimmaan hin cobsiin!...Boossee nahin ollachiisiin!...Yaa dhiigakoo
hadhaa’ii,summii tahi!...summii bofa gurraachaa!...jedhe”(fuul.189)
Teetoon yaadaan of duuba deebi’ee guyyoota darbaan lakkaa’a-Guyyoota
qophaa’ee wareegama itti eeggataa ture,Halkan dhedheeroon lama,guyyaan
dheeraan tokkoof walakkaan calisaanii darban.Calleensaan akka rirmaa onnee
isaa nyaataa har’aan isa ga’an.Inni immoo guyyaa har’aa arguu hin feene…
summii har’aa kana liqimsuu- ibidda har’aa kanaan affeelamuu hin feene.Feedhu
baatees ,kunoo hin oolleef.Hanga abidda aduu saafaa irraanfatuutti ibidda
har’aatiin waadamaa jira…..(fuul.207)

18
Dubbisa armaan olii irraa hubachuun akka danda’amutti, Teetoon nama ga’eessa dhugaa maatii
isaaf dhukkubsatu yoo ta’u, itti gaafatamummaa saba adaree mattiin mataa isaatti fudhachuutiin
guyyoota dhiyaanii bari’an abdii kuttachaa gootummaa sabasaa yaadacha hiree barri kenneef
harkisee deema.bara jireenyi akka ibidda saafaa itti ta’uus deemsa dhaabee hin beeku.
Teetoo jedhama.’Animmoo Gurraachon jedhe’
Eessaa argatte?
“Abbaya irraa waliin dhufne.”
“Gurraacha Abayyaa hin jettuuree!”
“MaalanGurraacha Abbayyaa jedha?Adaree Abbayaa tuffatee,kunoo magaalaa
taa’uu dhufeehoo.”
“O’oo’tee!...tahuyyuu namni bakkasaa hin gadhiisu”(fuul.249)
Yeroo inni balbalarra ga’u argitee tu,
“Ol seeni, Gurraacha Abayyaa –Eessatti baddee?”jette.
“Akkam oolte jedhee,ol seene.
“Maalif badde?”ittiin jette.
“Re’ootan Abbayyaa fideen tiksaa ture.”
“Ere gud new’tee!Re’ee asi Abbayaatti oofu malee
Abbayyaa as oofuu?”(fuul.254)
‘Gurraacha Abbayaa.’
‘Eenyu Gurraachi Abbayyaa?’
‘ ‘Sanqallaa’ Oborraatti gale hin beektuu?
Maqaa kana immoo ishuma tu moggaaseef’
‘Ee!...Kun dhuguma raajiidha!’(fuul.271)
Namfakkii Teetoo jedhamuun bakka buufamee barreeffame nama abdii kutachuu dhiisuufi
kutannoo qabaachuun bakka yaadan ga’uun kan danda’amu ta’uu kan nama barsiisu ta’us,
Ariyaatamni olaantummaa siyaasa murna xiqqaa mogolee isaa buusuf gara inni baqatu kamitti
isa faana bu’ee ari’a.gama birootiin immoo osoo biyya qabu beela’e hojjetaa oyruu ormaa ta’uun
isaa fi dogoggora inni waadaa baatee deemuf daggannaa godhu rakkinaan macha’eeti.aadaa
dubatti hafaa fi walaallumni isaa obboletti isa dhabsiisera ,diinasa fuudhee wajjiin bultii horuuf
itti maxxannuun isaa maqaa ceephoo ‘sanqallaa’ jedhu kennuufinsaa iddoo mucuuccaachuuf hin
malleetti kufuu isaati.

19
Namfakkiin asoosama Gurraacha Abayyaa inni kan birohundeen asoosamichaa irra dhaabbatu
Bacangiree Bakaaloo yeroo ta’u, Bacangireen obbolessa Badijaa ,Ajjeessaafi goota beekamaa
namoota gumuuz adaree maraan kabajamaa fi jaalatamaa ajjeessaa nafxanyicha Gabruu
Tafarraati.(fuul.15)
Akka dubbisa armaan oliirraa hubachuun danda’amutti namfakkiin Bacangiree Bakaaloo bakka
buufame bifa gootummaa kan dhuunfatee ta’ee akka bifeessama Bacangireen itti bifeessame yoo
ilaallamus nama waa’ee saba isa biratti waan kamuu dhufe lubbuusaa kennee falmatuutti
fakkeeffamuu fi biyyi jaalatudha. kan inni hin barbaadneefis, jibbiinsa addaa qabaatee osoo
hintaane, isaaf biyyi bakka bu’aa kan hin qabnee fi ajjeesun kammiyyuu waan dibachiisu itti
fakkaata.
Namfakkii maqaan isaanii tarreeffame hundi gareen tokko miidhamaa bakka bu’aani garee
biroon immoo abbaa bara fakkaatanii Teetoo fi Bacangireen ga’ee isaanii ilma abba dhaale
ta’aanii hiriiranii jiru.isaan kun hundinuus haala aadaa fi cunqursaa siyaasa Gumuuz akkan kan
ibsaanidha. haalli namfakkiin kun itti bifeeffames haariiroo duraa duuba seerdubbii afaan
oromoo sirritti kan hordoffaniidha. Amalli taatota kunis amala namoota fedhii dhuunfaa isaanii
guuttachuuf jecha naamusa namummaa isaanii dagachuun gocha isaan irraa hinbarbaachisne
raawwataniin kan bifeeffamedha.

Walumaagalatti, asoosama Gurraacha Abayyaa keessatti haala qabatamaa hawaasa Gumuz


keessa jiraachuu danda’anidha. Kanarraa ka’uun akkaataan bifeessuu asoosama dheeraa
Gurraacha Abayyaa barreessaan asoosamichaa Dhaabaa Wayyeessaa itti fayyadame baayyee
gaariidha jechuun ni danda’ama. Sababni isaas, namfakkiiwwan kunniin addunyaa dhugaa irraa
kanfagaatan waan hintaaneef dubbisaan asoosamichaa waan ta’uu hindandeenyedha jedhee akka
mufii keessa galee dubbisa asoosamichaa addaan hinkutneef amma xumuraatti akka dubbisaa
adeemu kan isa taasisu waan ta’eefidha.

20
4.4 Qindoomina Caacculee Asoosamichaa
Asoosamni dheeraan mata duree “Gurraacha Abayyaa” jechuun barraa’e kun wantoota asoosama
tokko asoosama taasisan of keessaa kan qabuufi akkaataan ijaarsa isaaniis ulaagaalee beektotaan
ibsaman kan guutu ta’ee mul’ata. Qindoomina caacculee gidduutti jiraachuu qabuun asoosamni
kun haala gaariin qindaa’ee kan mul’atu yoo ta’u, dabalataanis asoosamichi namfakkiifi
waldiddaa gidduu qindoominni gaariin kan keessatti mul’atuudha.
Dubbiiwwan qolaa, jechamootaafi mammaaksonni filannaa jechootaa barruu asoosamichaa
keessatti kan haammataman yoo ta’u, dhimma ibsuuf yaadame sirriitti agarsiisuu kan dand’eefi
eenyummaa namfakkiiwwan seenaa asoosamichaa keessatti argaman wajjin kan walsimanidha.
Ijaarsa himootaa keessatti irra deddeebiin qaamolee afaanii adda addaa irratti kaayyoodhaan
taasifame, yaada ibsamu sanaaf xiyyeeffannoon kennamuu isaa agarsiisuuf, asoosama kana
keessatti bal’inaan mul’ata.Kunis barruu asoosamaa kanaaf miidhagina ta’eera. Gama
duraaduuba jechootaatiin wayita ilaalamu, seera afaanichaa hordofanii kan naqaman ta’anii
mul’atu.

Akkasumas himegeree, addeessuu, waliin dubbiifi, duubdeebiin malawwan barruu/ wal


simsiistota/ asoosama kana keessatti dhimma itti bahame yoo ta’u, qindoomina caacculee
asoosamichaaf gumaachi isaanii guddaadha.

21
BOQONNAA SHAN: GOOLABAAFI YABOO

5.1 Goolaba
Qorannoon kun asoosama dheeraa ‘Gurraacha Abayyaa’ yaadiddama Maarkisiizimiitiin
qaaccessuu irratti xiyyeeffatee gaggeeffame yoo ta’u, yaadiddama Maarkisiizimii ilaalchisee
yaadni adda addaa yeroo garagaraatti hayyuuwwan garagaraatiin kaafamaa tureera. Qorannoo
kana keessattis yaada hayyoota kanaa ilaalcha keessa galchuun qorannoon kun gaggeeffameera.
Kaayyoon hojii qorannoo kanaa, asoosama “Gurraacha Abayyaa” keessatti dhimmi diinagdee
akkamiin akka mul’ate, asoosamichihaala qabatamaa uummata Gumuuz akkamiin agarsiisa?
Qorannoo kana galmaan ga’uuf gosti qorannoo hojiirra oole akkamtaadha.Ragaaleen kitaaba
qorannoon irratti geggeeffamerraa argames jechaan hiikni itti kennameera.Akaakuun
iddattoohojii qorannoo kana keessatti hojiirra oole kitaabuma kanatu akka iddattoo
qorannichaattitajaajile. Malli ittiin iddattoon kun filatame mala kaayyeffataatiini. Hojii qorannoo
kana keessattiodeeffannoo guurrachuuf qabxiilee mirkaneeffannoo fayyadameen jira. Ragaaleen
funaanames akkaataa walfakkeenya isaaniitiin hiikni itti kennameera. Hiikni ragaaleef kenname
ammoo haalaqabatamaa hawaasa asoosamichi keessatti barreeffameen walbira qabuun kan
raawwatedha.

5.2. Argannoo
Akka Maarkistootaatti wantoonni hawaasa keessatti uumaman marti diinagdee irratti
hundeeffamu. Diinagdeen jiruufi jirenya dhala namaa waliin walitti hidhatiinsa cimaa kan
qabuufi dhimma bu’ura ta'edha. Kanaaf, namootni umurii kamiyyuu gidduu jiranu qabeenya
yookiin diinagdee malee dammaqina qabaachuu hin danda’anu jechuudha.Hawaasni diinagdee
gaarii qabu siyaasa tasgabbaa’aafi jireenya mijataa uumuu danda’a.Hawaasni diinagdeen
miidhamaa ta’e immoo, faallaa kanaati.Isuma qabutu gara barbaadetti isa oofa.Hawaasni
diinagdeen hin cimne taanaan, sirna siyaasaa addunyaa kanaa yoo fidanii itti haasa’an homaa hin
fayyadu. Kanaaf, diinagdeen madda bilisummaati jechuun ni danda’ama. Benishaangul gumuuz
dachee saba gumuz ga’uu danda’uufi qabeenya uumamaatiin kan badhaate dha. Qabeenyi ishee
kun saba Gumuuz mitii Ithiyoopiyaafuu kan gahu ture. Haata’u malee, qabeenya Benishaangul
qabdu kanarraa sabni gumuuz faayidaa argachuu qabu argachuu hin dandeenye. Kun immoo,
saamichadiinaan taasifamaa tureefi jiru irraan kan ka’edha.

22
Asoosamni hojii qorannoo kanaatiin qeeqamee dhiyaatus haala siyaasa yeroo ammaa keessatti
qabsoon uummata gumuuz maal akka fakkaatuufi dhiibbaa saba kanarra gahaa jiru ilaalchisee
asoosama “Gurraacha Abayyaa” keessatti akkamiin calaqqisame? dhimma jedhu kan qeequ ta’a.
asoosama Gurraacha Abayyaa keessatti bifeessaman haala qabatamaa hawaasa gumuuz keessa
jiraachuu danda’anidha. Kanarraa ka’uun akkaataan bifeessuu asoosama dheeraa Gurraacha
Abayyaa barreessaan asoosamichaa Dhaabaan itti fayyadame baayyee gaariidha jechuun ni
danda’ama. Sababni isaas, namfakkiiwwan kunniin addunyaa dhugaa irraa kan fagaatan waan
hintaaneef dubbisaan asoosamichaa waan ta’uu hindandeenyedha jedhee akka mufii keessa galee
dubbisa asoosamichaa addaan hinkutneef amma xumuraatti akka dubbisaa adeemu kan isa
taasisu waan ta’eefidha.

Qorannoo kana keessatti yaadiddama Maarkisiizimii irraatti xiyyeeffachuun waan hojjetameef,


akka walii galaatti, argannoowwan armaan gadii irraa argamuu danda’eera.Isaanis:
 barreessaan asoosama dheeraa Gurraacha Abayyaa yaadiddama Maarkisiizimii fayyadame
sakatta’uun dhimmoota asoosamicha keessatti argaman gochaalee argaa yaada isaatiin kalaqe
akka raawwatan taasiseera.
 Barreessaan Gurraacha Abayyaa namfakkiiwwan asoosamicha keessatti kalaquun itti
fayyadame haala qabatamaa addunyaa dhugaa keessa jirru irraa adda kan hintaaneefi jiruuf
jireenya hawaasaa isaa dhugaa keessattis kan jiraachuu danda’anidha jechuun ni danda’ama.
 Dhimmootni asoosamicha keessaatti ka’an haala qabatamaa hawaasa asoosamichi barraa’eef
irraa kan adda ta’e osoo hintaane, safuu hawaasaa kan eeggate akka ta’e beekuun
danda’ameera.

23
5.3 Yaboo
Xinxaala asoosamoota afaan oromoo keessatti namoota adda addaatiin barreeffamaan hedduun isaanii
guddisuu afaaniif aadaa saba kanaf gatiin isaan baasan dorgoomaa hin qabu.haaluma kanaan asoosamni
ani qoraadhe kun tartiiba fi duura duubaa ani boqonnaa afur keessatti ulaagaalee ka’aamaniin Yaboon
qorannichaa argannoo bu’uuraa irratti hundaa’uun akka armaan gadiitti ibsamanii jiru.
Namni afaan kana dubbisuu danda’uu utuu itti hojjetee kanan jedhu:
 Mucaan nama nama ta’uusaa duwwaaf kabajamuu akka qabu fi maalumma cunqursaa
saba keenyaas ta’e,saba biro qaama danda’uu waliin utuu gama artiisaatiin finiinsee?
 Barnoonni bu’uura dinaagdee waan ta’eef ,lammiileen keenya yeroosaanitti sirnaan
fayyadamuun baratanii waanjoo isaanii hin mallee jalaa akka ba’aaniif jajjabeeffamuu
akka qaban angaafni ijisaa arge irratti hojjeechuu qaba.
 Oromoon afoola hedduu akka qabu fi abbaa uummata gadadoon jireenyaa miitee ta’uusaa
asoosamni qoratamee kun ibsituu gaariidha,ta’uus sabni oollaa oromoo jiraatu hammata
ta’uu saba keenyaa beekurratti dhugoomfateera? barsiisaa seenaa barbaada waan ta’eef
quuqamaan saba keenyaa afaan barbaachisuun seenaa saba guddaa kanarratti utuu
xiyyeeffate?
 Jaatanii jiruu keessatti afoolli iddoo guddaa akka qabu,dubbiin qolaa asoosa gurracha
abbayyaan barreeffame hedduun utuu daddabalamee guddaachuu aartii fi afaan oromoof
gumaatni xinnoo hin qabdu.
 Kutaan itti aanu asoosamaa kana waan ture natti fakkaata.sababni isaa asoosamichi karaa
deemadha.

24
Wabiilee
Asafaa Tafarraa. (2009). Eela: Seenaa Ogbarruu Oromoo. Finfinnee: Far East Printing PLC.
Biztray (1978).Art and ideology in the African Novel: A study of the Influence of Marxism on
African Writing. London: Heinemann Education Books Ltd.
Cuddon, J.A. (1999). The Pengiun Dictionary of Literary terms and Literary terms and Literary
theory. (3rded). London: Macmillan Publishers.
Eagleton, T (1976). Marxism and Literary criticism.California: University of California press.
Fedhasaa Taaddasaafi Hundumaa Dabalii. (2011).Shaakala Qeeqa Ogbarruu (Practical
Criticism).Moojula Barnoota Fagoo. Yuunversitii Wallaggaa: (Kan hinmaxxanfame.)
Fiqaaduu Qana’aa, (2012). Qaaccessa waldiddaafi fakkoommii asoosamoota Dhaabaa
Wayyeessaa”. Addis Ababa University: (Unpublished MA.Thesis)
Guerin, W, E. Labor, L. Morgan, J. Reesman, and J. Willingham.(1999) (1 st eds.1992).A
Handbook of Critical Approaches to Literature.New York and Oxford University Press.
Jennifer McClinton-Temple (2011). Encyclopedia of Themes in Literature. New York NY:
Library of Congress Cataloging-in-Publication
Marx, K. and Engels, F. (1984). Manifesto of the Communist Party in MECW v 6. Moscow:
Progress Publishers. First written in 1847
Mekuria Bulcha (ed). (1994). ''History of Oromoo Literature'' In Journal of OromooStudies.
Vol.1,No.2, Middel Tennese.
Meyer M. (2005). The Bedford Introduction to Literature.University of Connectiut.7th edition.
Boston, Newyork.
Murfin, R. and M. Ray. (2003). The Bedford Glossary of Critical and Literaey Terms. New
York: St. Martin’s.
Showalter (1986)The Theory of Literary Criticism.A logical Analysis. USA: University of
California Press Ltd.
Sarah C. (2018). Political Economy and the Novel: A Literary History of Homo
Seigel, Paul (1970). Leon tlotsky on Literature and Art.New York: Path finder Press.
Teshome Egere. (2013). ''A feminist reading of selected novels in Afan Oromo a study
indeconstruction''.Addis Ababa University.(Unpublished PhD Thesis).
Zarihun Asfawu (1998). Yesinetsihuf Meseretawiyan. Addis Abeba: Nigdi Matemiya Bet.

25
Dabalee A
Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namoomaatti
Muummee Afaan Oromoofi Og-Barruu
Qabxiilee mirkaneeffannoo (Cheekliistii) kitaaba asoosamaa Gurraacha Abayyaa keessaa
ragaalee sassaabuuf qophaa’e.
1. Asoosamni kun haala diinagdeefi hawaasummaa jiru deeggara moo jijjiirama labsa?
2. Barreessaan mala maaliitiin hariiroo garee cunqursaafi cunqurfamaa gidduu jiru ifa baase?
3. Asoosamicha keessatti qooddattoonni akkamitti cunqursaa irra aanan?moo ammayyuu
cunqurfamaa jiru?
4. Asoosama “Gurraacha Abayyaa” keessatti dhimmi diinagdee akkamitti dhiyaate?
5. Asoosamichi haala qabatamaa uummataa akkamiin dhiheesse?
6. Barreessaan saamicha diingdeerratti taasifamu ifa baasuuf mala maalii gargaarame?
Fakkeenyaaf, ni seenessee, fakkoommii fayyadamee, qooddattootaanii?
7. Asoosamni ‘Gurraacha Abayyaa’ yaadiddama Maarkisiizimiitiin yoo madaalamu maal
fakkaata?
8. Asoosamicha keessatti sabni Gumuuz bu’aawwan muraasa qabsoo isaatiin argate akkamitti
ilaala?
9. Ogbarruun kun rakkoolee asoosamicha keessatti hawaasa mudataniif akka furmaataatti
mul’ata wayii ni kaa’aa?
10. Ergaan seeneffama asoosamichaa yeroo keessatti seeneffameen walsimaa? Akkamitti?

26

You might also like