You are on page 1of 85

FAARUU ATEETEE GORAA ILAALCHA OROMOOTIIN; GODINA

ARSII LIXAA, AANAA KOKKOSSAA KEESSATTI

QORANNOO SAGANTAA BARNOOTA DIGRII


LAMMAFFAA (MA)

USMAAN HAMMAD GANAMOOTIIN

SADAASA 2012/2019
YUUNVARSIITI HARAMAAYAA, HARAMAAYAA
Faaruu Ateetee Goraa Ilaalcha Oromootiin; Hawaasa Godina Arsii Lixaa,
Aanaa Kokkossaa Keessatti

Qorannoo Digrii Lammaffaa (MA), Sagantaa Barnoota Digrii LAMMAFFAA


Muummee Afaan Oromoo, Ogumaafi Qunnamtiif Kan Dhiyaate
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA

Ittiin Guuttannaa Gar-tokkee Barnoota Digirii Lammaffaa Barnoota


Afaan Oromoofi Ogumaa Barsiisuutiin

Usmaan Hammad Ganamoo

SADAASA 2012/2019
YUUNIVARSIITI HARAMAAYAA, HARAMAAYAA
DAAREKTOOREETA SAGANTAA BARNOOTA DIGRII LAMMAFFAA
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA

Waraqaa qorannoo, barataa Usmaan Hammad Ganamoo mata duree faaruu ateetee goraa,
ilaalcha Oromootiin Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokkossaa biratti, jechuun kan qophaa’ee,
gaggeessummaa koo jalatti hojjachaa ture, dubbisee madaalee jira. Kanaaf uunkaa waraqaa
qorannoo sagantaa digrii lammaffaa waan guuteef akka dhiyeessu yaada kenneera.

____________________ _________________ __________________


Maqaa Gorsaa Ijoo Mallattoo Guyyaa

________________________ __________________ __________________


Maqaa Gorsaa Gargaaraa Mallattoo Guyyaa
Akka miseensa boordii qorataa sagantaa barnoota digrii lammaaffaa(MA)tti,waraqaa
qorannoo barataa Usmaan Hammadiin qophaa’e dubbisee madaaleera. Akka kootti woraqaan
qorannoo kun uunkaa waraqaa qorannoo sagantaa barnoota digrii lammaaffaa Afaan
Oromoofi Oguma barsiisuutiin ni guuta jedhee madaaleera.
_______________________ ___________________ __________________
Gaggeessaa Mallaattoo Guyyaa
_______________________ __________________ _________________
Qoraa keessaa Mallattoo Guyyaa
____________________ _______________ ______________
Qoraa alaa Mallattoo Guyyaa

ii
IBSA QORATICHAA

Ani qorataan maqaafi mallattoon koo armaan gaditti eerame, qorannoon kun hojii koo
ta’uusaa fi kanaan dura yuunivarsiitii kamiiyyuu keessatti qorannoo eebbaatiif kan hin
dhiyaanne ta’uu isaa, akkasumas wabiileen qorannoo kanaaf dubbise haala seera qabeessa
ta’een fudhadhee; wabii keessattis kaa’uu koo nan mirkaneessa
Maqaa______________________________________
Mallattoo____________________________________
Guyyaa_____________________________________

iii
SEENAA QORATICHAA

Qorataan kun Onkololeessa 2, bara 1972 A.L.I. Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokkossaa Ganda
Garba Hurufaa jedhamutti dhalate. Barumsa sad.1ffaa kutaa 1-8 achumatti mana barumsa
sadarkaa tokkoffaa Garba Hurufaa jedhamutti kan barate yoo ta’u, barnoota sadaraa
lammaffaa kutaa 9-10 bara 1993-94ti mana barumsa sadarkaa lammaffaa Kokkossaatti
barate. Sana booda, barnoota qophaa’inaa kutaa 11-12 bara 1995-96 mana barumsa sadarkaa
lammaffaafi Qophaa’ina Dodolaatti barate. Itti aansudhaan qorumsa biyyoolessa bara 1996
fudhadhateen qabxii seensa yuunivarsiitii argachuun bara 1997 A.L.I.barnoota digrii jalqabaa
Yuunivarsiitii Haramaayaatti, muummee Afaan Oromoo Ogumaa fi Qunnamtiin, baratee
bara 1999 eebbifame. Ogumaa ittiin leenji’e kanaan hanga har’aatti Godina Arsii Lixaa
Aanaa Kokkossaatti kan argamu mana barumsa sad.lammaffaa Kokkossaatti osoo barsiisaa
jiru, bara 2008 carraa barnoota digrii lammaaffaa (MA) sagantaa barnoota gannaatiin argatee
Yuunivarsiitii Haramaayaa seenee barnoota isaa hordofaa turuun bara 2011 qorannoo mata-
duree faaruu ateetee goraa ilaalcha Oromootiin jedhu hawaasa Godina Arsii Lixaa Aanaa
Kokkossaa keessatti gaggeessaa tureen sadaasa 2/3/2012 dhiheessuun xumureera.

iv
GALATA

Duraan dursee waaqa na uumee sadarkaa amma irra jiru kanan nagahe, guddaan
galateeffadha. Itti aansuun nuffii tokko malee deegersa na barbaachisu hunda naaf gochuun
na gargaaraa kan turan, gorsaa koo Fiqaaduu Baldaa, Garg.prof.fi gargaaraa gorsaa koo kan
ta’an, Muhaammad Abdoo Garg.Prof. galanni isaanii dachaadha. Itti gaafatamaa Waajjira
Aadaafi Turizimii Aanaa Kokkossaa kan ta’e obboo Badhaasaa Baammee, yaadaa fi
qorannoon kun seera qabeessaa ta’uu fi akka milkaa’u, gochuuf xalayaa qaamolee qoranicha
keessatti qooda fudahataniif naa barreessuun na cinaa dhaabbattaniif galnni keessan
guddaadha. Itti aansee: qabeenyaan, yeroo ofii aarsaa gochuun akkaan baradhu kan na
kakaasteefi na cinaa dhaabbattee, na jajjabeessaa turte, haadha manaa tiyya addee Aashaa
Muhaammad guddaa galateeffaachaa fayyaa fi umrii dheeraan siif hawwa.

Dabalataan hiriyoota koo barsiisota jalqabaa hanga dhumaatti yaadaan, meeshaafi


ogummaadhaan kan na gargaaraa turan barsiisaa Daalachaa Hajjii, Ayyaanoo Teessoo,
Waarituu Huseen, gargaaraa kaameraa kan ta’an barsiisaa Firoomsaa Haaji Geedoo fi Jamaal
Kadiiriin guddiseen galateeffadha. Itti aansuun yaadaafi leencaalloodhaan kan na gargaaraa
turan: hooggantootaa fi hojjattoota Waajjira Aadaa fi Turizimii Aanaa Kokkossaa: ifaajee
keessan, kan namaa olii Rabbiin galata isinii haa oolu. Ilma beeke ergadhaa! Lammaffaa
dubartootaa fi manguddoota kanneen akka Haaji Abdallaa Soondhii, Obboo Guyyee Kadiir
Haaji Milkii Badhaasoo, Haaj Ibraahim Aadam obboo Buuqee Iyyii, obb.Immishuu Kephuu,
obb. Waariyoo Kerii, Aaddee Dammee Tukkaa fi kanneen hafan hunduu, duudhaa boonsaa
kan ta’e aadaa fi sirna aadaa faaruu ateeteen walqabatan dandeettii fi beekkumsa qabdaniin
ragaa fi odeeffannoo naaf kennuun qorannoon kun akka milkaa’u gochuu keessaniin
beekumsi ilmaaf isinii haa darbu. Umrii keessan, umrii harraagessaa isinii haa godhu. Jechaa,
galata guddaan galchaaf. Dabalataan madda argama koo kan ta’e abbaa koo obb. Hammadii
Ganamoo, Obboleewwan koo, Abbeerota koo fi hiriyootni koo kan yaadaa fi humnaan na
cinaa dhaabbattan, beekkumsi ham’ee isinii haa ta’u. Walumaagalatti namoota deeggersa
naaf godhan: beekkumsa,fayyaafi umrii dheeraa waaqni isiniif haakennu jedha.

v
HIIKA JECHOOTAA
JECHOOTA HIKA FAARUU ATEETEE KANA KEESSATTI QABAN
Ajeessaa Dhaqna yemmuu kitaannaa hafu
Akkatti deebi’i Uumaattii deebi’i, qajeele
Baallii Gargar bahiinsa (daangaa waliinii) woyyuufi obboleessaa
Bantii Rifeensa mataa kallacharraan hiikuun bakka lama godhuu
Bidoofte Goroofte, morkatte
Dagaaggaa Sa’a cimaa foonii fi armiin guddaa ta’e
Dambooba Sona /qajeelluma
Dhaggee Baasa, dur-hin jirree
Daloo Dubbii gale tokko haala salphaan osoo manaa hin bahin fixuu
Dhamaa’uu Dubartii biroo waliin saal-qunnamtii raawwachuu
Dhawaata namoota nama gocha hamaa hojjate wajjiin ardaa keessaa filamuun kakatan
Gaadii Teepha gogaa sangaarraa tolfamee dubartiin loon ittiin gaaditu
Gonfa Jibicha mirgotti dhiihaatee kitimaaf gahe
Hanfalaa Faaya dubartootni mudhitti hidhattu
Heebbii Baasa, Heessee
Hirmii Safuu hin tuqamne(eeggamu), haraamuu
Jilba Kakuu kennachuu (Hamma adabbi gocha raawwatamee)
Kolbe Dubartii woyyuufi obboleettii osoo hin jenne saal-qunnamtii raawwatuu
Korbeeffachuu Woyyaa eebbaaf harkaan golloobsuu
Kornyee Gogaa horiirraa tolfamee daa’imman aanan ittin obaasan
Kuldha Qalma baasaa haraamuu
Kurfeesse Kan uumaan tolche
Kuule Uffise (woyyaa) yakkaaf uwwisa
Lootii Sooyyima, qajeeltuu
Marraage Daadhii baastee hadhoofte
Meexxicha Gogaa mataa kan horii qalamee, siinqeetti godhamuuf babbafamu
Qaphanoo Lamtajjaa, tishoo
Qarruu Biyyee jiituu falaaf lagarraa ateeteen fudhatu
Saddeeta Dubartoota ykn jaarsota seera raawwatan
Suunsume Qarraaye, golgoleesse
Ukoo ilma mana hin bahin
Worbe Goobe, mise, lalise

vi
BAAFATA
IBSA QORATICHAA ................................................................................................................. iii
SEENAA QORATICHAA .......................................................................................................... iv
GALATA ....................................................................................................................................... v
HIIKA JECHOOTAA ................................................................................................................. vi
AXEREERA .................................................................................................................................. x
1. SEENSA .................................................................................................................................... iii
1.1. Seen-duubee Qorannichaa................................................................................................................. iii
1.2. Ka’umsa Qorannichaa ........................................................................................................................ 3
1.4. Xiyyeeffata Gaafilee Qorannichaa .................................................................................................... 5
1.5. Kaayyoo Qorannichaa ........................................................................................................................ 5
1.5.1 Kaayyoo Gooroo .......................................................................................................................... 5
1.5.2. Kaayyoo Gooree ........................................................................................................................ 6
1.6. Barbaachisummaa Qorannichaa ....................................................................................................... 6
1.7. Daangaa Qorannichaa ........................................................................................................................ 7
1.8. Hanqina Qorannichaa ........................................................................................................................ 7
1.9. Qindoomina Boqonaalee .................................................................................................................... 8
2. SAKATTA’A BARUULEE FIROOMINAA.......................................................................... 2
2.1 Ogafaan ............................................................................................................................................... 2
2.2. Maalummaa Ateetee. ..................................................................................................................... 10
2.3 Akaakuwwan Ateetee ...................................................................................................................... 12
2.3.1. Ateetee Falaa ........................................................................................................................... 12
2.3.2. Ateetee Goraa........................................................................................................................... 13
2.4. Maalummaa Faaruu ....................................................................................................................... 13
2.4.1. Faayidaa Faaruu ........................................................................................................................ 14
2.4.2 Gosoota faaruu ........................................................................................................................... 14
3. XIINMALA QORANNICHAA ............................................................................................. 10
3.1. Ibsa Haala Naannoo Qorannichaa ................................................................................................... 10
3.2. Saxaxa qorannichaa ......................................................................................................................... 17
3.3. Madda Ragaa Qorannichaa .............................................................................................................. 17
3.4. Iddaatoo fi Mala Iddaatessuu ........................................................................................................... 18

vii
3.5. Meeshaa Funaansa Ragaalee ............................................................................................................ 18
3.5.1. Daawwannaa ............................................................................................................................. 18
3.5.2. Af-gaaffii................................................................................................................................. 19
3.5.3. Marii Garee Xiyyeeffannoo ...................................................................................................... 19
3.5.4. Sakatta’a Harshammee .............................................................................................................. 19
3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee ............................................................................................................... 20
4. DHIYAANNAAFI IBSA RAGAALEE ................................................................................ 16
4.1. Qaaccessa Ragaalee Qabiyyeedhaan .............................................................................................. 16
4.1.1. Faaruu Ateetee Goraa Caba Safuu Qeeqan .................................................................................. 16
4.1.2. Qeeqa Gudeeddii Woyyoomaa ................................................................................................ 16
4.1.3. Qeeqa Gudeeddii Obboleessaa................................................................................................. 24
4.1.4. Qeeqa Tumaa Woyyoomaa ....................................................................................................... 27
4.1.5. Qeeqa Tumaa Deettuu Qanafaa ................................................................................................ 30
4.1.6. Qeeqa Tumaa Obboleessaa ....................................................................................................... 33
4.1.7. Qeeqa Arraba Dubartootaa........................................................................................................ 37
4.2. Meeshaalee Aadaa Sirna Faaruu Ateetee Goraa .............................................................................. 44
4.2.1. Siinqee....................................................................................................................................... 45
4.2.2. Sardoo Yookiin Laancaa .......................................................................................................... 47
4.2.3. Hanfalaa, Kornyeefi Xuunxoo .................................................................................................. 47
4.3. Galumsa/Haala Faaruu Ateetee Goraa ............................................................................................ 49
4.3.1. Faaruu Bahiinsaa Ateetee.......................................................................................................... 51
4.3.2. Faaruu Yeroo Sirni Taasifamu .................................................................................................. 51
4.3.3. Faaruu Yeroo Raawwii Sirnichaa ............................................................................................. 52
4.4. Gaheen Faaruu Ateetee Goraa Mirga Dubartootaa Kabachiisuu Keessatti Qabu ............................ 53
4.4.1. Faaruu Gudeeddii Dubartootaa Morman ................................................................................. 54
4.4.2 Faaruu Tumaa Dubartootarratti Raawwatame Qeeqan ............................................................. 55
4.4.3 Faaruu Arrabsoo Dubartii Irratti raawwatame Morman ........................................................... 55
4.4.4. Faaruu Tokkummaa Dubartootaa Cimsan .............................................................................. 56
4.4.5. Faaruu Daba Dubbii Ittiin Sirreessan ...................................................................................... 57
4.4.6 Faaruu Miliqa himatamaa Ittiin Too’atan ................................................................................ 57
4.4.7. Faaruu Deddeebii Beellama Dubbii Ittiin Gabaabsan ............................................................. 58
4.4.8 Faaruu Nama Safuu Cabse Ittiin Qeeqan ................................................................................ 59

viii
4.4.9. Faaruu Araaroo Ittiin Kadhatan ................................................................................................ 60
4.4.10. Faaruu Nama Duudhaa Hawaasaa Dabse Ittiin Qeeqan.......................................................... 60
4.4.11. Faaruu Abaarsa Ibsan ............................................................................................................. 61
4. 4 .12. Faaruu Ebba Ibsan ................................................................................................................ 62
5. YAADA CUUNFAA, ARGANNOOWWANII FI YABOO ................................................ 22
5.1. Yaada Cuunfaa .................................................................................................................... 22
5.2. Argannoowwan ............................................................................................................................... 64
5.3. Yaboo ............................................................................................................................................... 65
WABIILEE .................................................................................................................................. 67
DABALEE A .............................................................................................................................. 69
DABALEE B. ............................................................................................................................. 70
DABALEE C ............................................................................................................................... 71
DABALEE D .............................................................................................................................. 72

ix
FAARUU ATEETEE GORAA, ILAALCHA OROMOOTIIN GODINA
ARSII LIXAA, AANAA KOKKOSSAA KEESSATTI

AXEREERA

Kaayyoon qorannoo kanaa faaruu ateetee goraa hawaasa Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa
Kokkossaa biratti duudhaa faaruu ateetee goraatiin tokkummaafi birmadummaa mirga dubartootaa
kabachiisaa darbaa dabarsaan as gahee dhaloota ammaatiin dagatamaa jiran hawaasa keessaa
sakatta’uun qaaccessee dhaloonni ammaa akka irraa hubatanii, beekanii eeggatan, barreeffamatti
jijjiiruun olkaa’uudha. Qorataan qorannoo kana akka geggeessuuf kan kakaase, firiiwwan fookiloorii
kan hin tuqamneefi xiyyeeffannoo hin argatinii kan dhaloota ammaatiin dagatamaa jiru keessaa faaruu
ateetee goraa Ilaalcha Oromoo Arsii Kokkossaa bu’uureffata. Faayidaa, maalummaafi qabiyyeewwan
faaruu ateetee goraa isa ganamaa dagatamaa dhufaa jiran ummata Oromootiif ifa baasuudhaMalli
qorannichaa mala qorannoo akkamtaa yoo ta’u, tooftaalee iddatteessu darbaa dabarsaatti
fayyadamuun qorannichi gaggeeffameera. Malleen funaansa ragaalee qorannichaaf hojiirra oolan: bifa
gaafiifi deebii, daawwannaa, sakatta’a harshammee fi marii garee qayyabannaa fa’a. Ragaaleen
maloota kanaan walitti qabaman ammoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qabiyyeen
qoqqoodamanii qaacceffamaniiru. Qorrannoon kun, faayidaa faaruun ateetee goraa, isa ganamaa
dagatamaa jiran dhaloota ammaatiif ifa baaseera. Kana malees dubbataan, seera faaruu ateetee goraa
keessatti, saddeeta gama lamaanii keessattu gocha guddeeddii woyyuu irratti raawwatameen
walqabatee cimeessa badduu baasu malee, namni arge baasuu akka hin dandeenye qorannoo kanaan
kan bira gahame ta’uu, meeshaaleen aadaa faaruu ateetee goraa waliin deeman kanneen akka siinqee,
keessattuu qanafaa, hanfalaafi kornyeen fa’a dhabamaa dhufuun bira gahameera. Yaanni furmaata
qoratan kun kaa’e dhimmamtootni hawaasa keessa jiraatan keessattuu ogeeyyiin Waajjira Aadaafi
Turizimii, barsiisonnifi qaamni baratee quuqama aadaa kanaaf qabu, haawwoleefi manguddoota
buleeyyi afoola kanaan beekkumsaa fi muuxannoo qaban irraa, funaanuun qaaccessanii barreefamatti
jijjiiruun God-hambaa keessa ka’uufi mana barumsaatti barattoonni gumii guddinaa fi dagaagina
aadaa fi Afaan Oromoo keessatti osoo itti tajaajilamanii faayidaa fi qabiyyee isaa beekanii eeguun,
dhaloota egereetiif bu’uura ta’a. Kana malees dubartoonni fi manguddoonni qarooma kana yeroo
dheeraa keessa turan ykn jiraatan qaaccessa faaruu ateetee goraafi meeshaalee faaruu ateetee goraa
kanaan walqabatan ilmaan isaanii dhaalchisuun duudhaa boonsaa kana dhalootatti dabarsuu akka
qaban yaada waliigalaa yaboo qorannoo kanaatiin xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuufii
qabu qorataan kallattii kaa’eera.

x
1. SEENSA

1.1. Seen-duubee Qorannichaa

Uummanni Oromoo aadaa boonsaa Addunyaaf bu’uura ta’e, siyaasaafi amantaa jieenya isaa
keessatti kalaquun guddifataa: kabajjee, kabachiisuun, kunuunsee eeguun, labataa labatatti
dabarsaa tureera: Dabarsaas jira. Beekumsa hawaasni bu’uuraan qabu kana kan hojiirra oolchuun
damee fookiloorii kan ta’e afoola garagaraatti fayyadameeti.

Afoolli jiruufi jireenya hawaasa tokkoo kan mul’isu akkasumas maalummaa saba tokkoo bifoota
gaddaa, gammachuu, safuu, aadaa, falaasama, muuxannoo, duudhaa, waliin jireenyaa fi
eenyummaa hawaasa sanaa afaaniifi gochaan dhalootaa dhalootatti darbaa dabarsaan kan
dhufeefi uunkaa sagalee kan irra deddeebi’amuun, wal-jalaa qabuun raawwatamuudha. Afoola
(ogafaan) ilaalchisuun Soofiyaafi Kaawwaan(1999:1) yoo ibsan “ogafaan” jechuun akkuma
maqaa isaa irraa hubatamu, ogummaa barreeffamaan osoo hin ta’in afaaniin dhalootarraa
dhalootatti darbaa kan dhufee fi darbaa kan jiru, fuuldurattis kan darbu damee aadaa saba
tokkooti ” jedhu.

Uummanni Oromoo aadaa hedduu, siyaasaafi amantaa jireenya isaa keessatti kalaquun
gaggeeffataa ture keessaa muraasni: Sirna Gadaa, jaarsummaa, qaalluufi ateetee fa’a, kaasuun ni
danda’ma. Duudhaan ummanni Oromoo kalaqee ittiin wal-bulchaa ture keessaa tokko, Ateetee
dha. Faaruun ateeteen akaakuu afoolaa keessaa tokko ta’ee, kan dubartootni Oromoo dhimmoota
akka falaa, goraa, nageenyaa, seera walqixxummaa mirga dubartootaa cimsuu yookiin mirga
namummaa isaanii gama aadaatiin ittiin kabachiisuuf ibsataniifi ittiin eeggataniidha. Afoola
afaaniin darban keessaa tokko faaruu ateeteeti. Faaruun ateetee kun akkuma og-afaanota kaanii
safuu, seera, kabaja, muuxannoofi eenyummaa aadaa dubarttootaa baatee afaanii fi gochaan
dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufeedha. Innis akkuma walaloo barreeffamaa bifiyyeefi
qabiyyee mataa isaa qaba. Finnegan (1970) “qabiyyeen dhaamsa faaruun ateetee sun of keessatti
hammate namootaaf dabarsuu agarsiisa” jechuudhaan keessi. Faaruun aadaa ateetee kunis
dirqama meeshaa muuziqaa hin barbaadu.
2

Garuu faaruun ateetee kamuu, dhimma (ergaa) isaa bu’ureeffachuun hurruubummaa ni qaba.
Fedhasaa, (2013:54), “Faaruun ateetee goraa kun miira mufii yookiin aarii fi galateeffannaan
guutamee kan mul’atuufi haala faaruun ateetee goraa sun faarfamuun gochi raawwatame sun kan
dhaga’amuudha” jedha.

Oromoon faaruu isaatiin kan hin ibsanne hin jiru. Kanuma ilaalchisuun Finnegan (1970:270)
“songs can be used to report and comment on current affairs, for political pressure, for
propaganda, and to reflect and mould public opinion” jetti. Yaadni kunis faaruun haala yeroo
irratti yaada kennuuf dhiibbaa siyaasaaf hawaasa dadamqsuuf kan gargaaru ta’uu isaa addeessa.
Akaakuun faaruus akka hayyoonni Nagarii,(1995)fi Misgaanuun (2011:70) Encyclopidia Britanica
(1993, vol.11) wabeeffachuun yemmuu ibsan, faaruun bakka lamatti qoodama. Isaanis faaruu
aadaafi ammayyaati jechuun addeessu. Akka yaada jarreen kana lamaan irraa hubannutti faaruun
iddoo gurguddoo lamatti qoodamuu isaati. Isaanis, faaruu aadaafi ammayyaa akka ta’aniidha.
Faaruun aadaa kunis ergaa qabiyyee isaarratti hundaa’uun gosa heddutti qoodamu. Isaanis faaruu
waaqaa lafaa, faaruu, faaruu loonii, faaruu amantii, faaruu jaalalaa, faaruu daa’immanii, faaruu
boo’ichaa, faaruu biyyaa, faaruu goraa jechuun qoqqooduun ni danda’ama. Faaruun ateetee
goraa kuniis yoomessa keessatti faarfatamu qaba. Kanaas yeroo dura gochi yookiin safuun
hamaan sun raawwatamee gocha ibsataa manaa baatu, yeroo raawwii sirnichaafi yeroo
dhumaatiif yoo dhugaa dhabde ykn gammaddee milkaa’uudhan yeroo galtuun walqabata.

Kana malees, faaruun ateetee akka aadaa ummata Oromoo Arsii Kokkossaatti: akka
manguddoon Guyyee Kadiir jedhaman irraa qorataan gaafiifi deebii wajjiin taasisee odeeffannoo
argatetti, kan nama safuu cabseefi dabse ittiin qajeelchan yookiin too’atan, kan maalummaa
mirga dubartootaa ittiin kabachiisan, kan muuxxannoon gaariin irraa baratamuufi barsiifamu
kana malees faaruu ateeteen, sirna dubartoonni Oromoo waaqa(uumaa) ittiin
kadhatan(araarfatan), kan beekaa itiin faarsan, kan gowwaa yookiin dabeessa ittiin
gorsan/arrabsan, kan safuun hawaasaa ittiin eeggamu, kan booree ykn gora ittiin bahan jechuun
ibsu..

Walumaagalatti qorannoon kunis kan fuulleeffate, Qaaccessa faaruu Ateetee goraa hawaasa
Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokkossaa biratti, duudhaa faaruu ateetee goraatiin,
3

tokkummaafi birmadummaa mirga dubartoota Oromoon Arsii Kokkossaa ittiin kabachiisaa durii
kaasee darbaa dabarsaan as gahee, dhaloota ammaatiin dagatamaa jiran, qaaccessuun ifatti
baassuufi qabiyyeewwan faaruu ateetee goraa qaaccessuun akka dhaloonni amma irraa hubatan
barreeffamatti jijjiiruun ol kaa’uuf kan kaayeffamee dhiyaate.

1.2. Ka’umsa Qorannichaa

Qorataan qorannoo kana akka geggeessuuf kan kakaase, firiiwwan fookiloorii kan hin
tuqamneefi xiyyeeffannoo hin argatin, kan yeroo ammaa dhaloota ammaatiin dagatamaa jiru
keessaa faaruu ateetee goraa ilaalcha Oromoo Arsii Kokkossaa bu’uureffata.Ummanni kun
dhimmoota jiruufi jireenya keessaatti raawwataniifi uumama lafa kanarra jiraatan maraaf
kabajaafi ulfina mataa isaanii qabu. Dhimmi raawwatu kamiiyyuu akka feeteen hin raawwatu
sodaafi kabaja uumaa qaba. Bakka manguddoon jirutti manguddoo dura hin deeman ilmi abbaaf,
intalli haadhaaf safuudha jedha. Haata’u malee duudhaan boonsaan kun waggoota dheeraa dura
eegalee dhiibbaa siyaasaa, amantiifi hawaasumaatiin akka laafaa deemu ta’ee jira. Kanaafis
fakkeenya gaarii kan ta’u: hammachiisa ateetee bulchuu, malkaafi tulluutti bahanii falachuun
hafuu, irreefachuu lagachuu, amantaa sababeeffachuun fuudhaafi heeruma akka duudhaa
Oromootti firummaa dhiigaa hanga abbaa torbaa laakkayuun hafee, ilmaan adaadaafi eesummaa
wal-fuudhuun kan raawwaatamaa jiru ta’uu kaasuun ni danda’ama. Oromoo Arsii lixaa aanaa
kokkossaa hambaan sirni Gadaa keessatti argamuu fi ittiin walbulchaa turee fi jiruu dha. Sirna
gadaa keessatti dubartoonni Oromoo Arsii faaruu ateeteefi siinqee akka meeshaa waraanaatti
fayyadamuun wal-bulchaa turaniiru. Sirna kana hojiirra oolchuuf ummanni Oromoo og-afaanitti
dhimma bahaa tureera ammas bahaa jira. Guddinni ogafaanii akkuma guddina aadaafi seenaa
saba keenyaa eenyummaa ummata keenyaa ibsuurratti sadarkaa gadaanaa irra ture. Kanaafuu,
qorannoon kunis kan gaggeeffame duudhaa boonsaa xiyyeeffannoo hin argatiniifi dhaloota
ammaatiin dagatamaa jiru kana hawaasa waa’ee afoola kanaatiin muuxannoofi beekkumsa
qabaniirraa walitti qabee qaacceessan dhaloota ammaatiif ifa baasuudha. Kana malees sakatta’a
qorannoo wal-fakkii gama ilaaluun qorannaaleen hedduun akka asii gadii kanatti tokkummaa fi
garaagarummaa qorannoo kana wajjiin qaban ibsamaniiru.

Akka Iteenash Wolderufaa’el (2009) qorannoo digrii duraa guuttachuuf Godina Wallaggaa
Aanaa Laaloo Assaabii jedhurraati gaggeessiteen, walfakkeenyi qorannoo kana waliin qabu
4

ateeteen ayyaana dubartiin kabajuufi itti walgeessee waaqa kadhattuudha. Kunis haala
kadhannaafi kaayyoosaa irratti hundaa’ee: ateetee deessuu, ateetee looniifi ateetee haadha duulaa
jechuun bakka sadiitti qooddee jirti. Sadan isaanituu dubartoonni ollaa walga’aniit jeekaranii
nyaachaa, dhugaafi ateetee faarsaa bulu jechuun ibsitee jirti. Garaagarummaan qorannoo kanaa
meeshaalee sirna ateetee goraa keessatti barbaachisu, kaayyoosaafi hirmaatota (saddeeta dhiiraafi
dubara) sirna ateetee kanaa irratti qooda fudhataniiti.

Misiraach Geetaachoo (2012 Walfakkeenyi, ayyaana ateetee keessatti ayyaanni Ganni kunis
ayyaana horiidhaf birraa keessa ji’a sadaasaa keessa ayyaaneffatamu yoo ta’u, ayyaanni kun
horii isaanii horsiisee guddisuu, nageenya, gammachuun jiraachuuf sanyiifi dhaltiin akka
qajeeluuf waaqayyoon kan ittiin galateeffatan ta’uu kan ibsudha. Garaagarummaan qorannoo
kanaa, ateeteen loonii akaakuu ateetee falaa jalatti kan ramadamu yoo ta’u, ateeteen goraa kan
irratti xiyyeeffatu, tuqama mirga dubartootaa gama siyyaas-diinagdee hawaasummaa keessatti
mudatanirratti xiyyeeffata.

Walumaagalatti, qorannoowwan kunneen digrii tokkoffaa guuttachuuf qorannoowwan


gaggeeffaman yoo ta’u, dhimmoota ateetee of keessaa haa qabaatan malee gadi fageenyaan
wa’ee faaruu ateetee qaaccessuun hin kaafamne. Gama biroon, qorannoon digrii lammaffaa
ilaalchisee Ateetee irratti gaggeeffame, mata-duree qorannoo kanaan walitti dhefeenya qaban
ilaaluuf yaaleera. Yaazuun (2016) Muhaammad Jamaal (2015) wabeeffachuun, sirni ateetee
dubartoonni Arsii yeroo qanaafaan jirtu yoo dhaanamte, waraanni yoo hammaate, yeroo beellifi
caamni hammaate malkaafi tulluutti bahuun sirna taasifamuudha. Kana malees, ateeteen Arsii
yeroo ayyaanni adda addaa, yeroo raawwii sirna hoodeffannaa sadarkaa aanaafi naannoo birootti
kabajamu meeshaa aadaa isaanii sinqee, bonkoofi waan sirnichaaf barbaachisu kan biroo hunda
qabatanii iddoo sanatti argamanii sirnicha gaggeessuufi dubartiin ayyaana ateetee kennatte
kabaja hawaasa biraa qabaachuun ishii mata duree qorannoo koo waliin walfakkeessa.
Garaagarummaan qorannoo koo waliin qabu qaaccessa faaruu ateetee gora ykn morka irratti kan
xiyyeeffate osoo hin taane hooda ateetee akaakuu sirna hundaa (Ayyaanaa dubartootaa, qophii
ayyaana adda addaa, falaafi goraa) walitti makuun dhiheessa. Yaazuun (2016) qorannoon Godina
Shawaa Kaabaa Aanaa Worra Jaarsoo jedhurratti gaggeesseen wal-fakkeenyi isaa: ateeteen
dhimoota kamiifuu yoo baate dursitee uumaa galateeffachuun nageenya buusuun daba
5

hojatameef fala barbaaduun, gaddaafi gammachuu keessatti qooda olaanaa qabaachuun hawaasa
biratti fudhatama qabaachuusaati. Garaagarummaan qorannoo kana waliin qabu, ayyaanni
ateetee dubartootaa kan irratti xiyyeeffatu qophii bara baraan akka dhaabbataatti geggeeffamuufi
ateetee falaatiin kan walqabatuu yoo ta’u, ateeteen goraa garu gocha ykn taatee yeroo murtaa’e
tokko keessatti raawwataman wajiin walqabatee gaggeeffama.

Walumaagalatti, qorannoowwan sadarkaa digirii jalqabaafi lammaffaa keessatti qorataman sirna


ayyaana ateeteefi hooda waliigala ateetee irratti taasisan malee ateetee goraa yookiin morkaatiif
xiyyeeffannoo barbaachisaa ta’e kennuun qorannoon irratti hin gaggeeffamne. Kanaafuu
qorannoon kun Faaruun ateetee goraa duudhaa boonsaa waggoottan dheeraaf dubartootni
Oromoo Arsii Kokkossaa mirga walqixxummaa fi birmadummaa isaanii ittiin eeggachaa turan
Sababoota hacuuccaa siyaasaa tureefi babal’achuu amantiin badaa jiran dhaloonnii ammaa ofii
beekee eeguun, dhaloota egereef akka dabarsu taasisuuf qorannoo kana geggeesse.

1.4. Xiyyeeffata Gaafilee Qorannichaa

1. Faaruun ateetee goraa caba safuu qeeqan maal fa’aa?


2. Meeshaaleen aadaa sirna faaruu ateetee goraa keessatti dhimma itti bahan maal fa’a?
3. Faaruun ateetee goraa yoomessafi haala akkamii keessatti raawwatama?
4. Gahee faaruun ateetee goraa mirga dubartootaa kabachiisuu keessatti qabu maali?

1.5. Kaayyoo Qorannichaa

Qorannoo tokko gaggeessuuf kaayyoo qabaachuu barbaachisaadha. Haaluma kanaan


kaayyoowwan qorannoo kanaa kaayyoolee gurguddoo lama qaba. Isaanis, kaayyoo gooroofi
kaayyoo gooreeti. Kunis akka armaan gadii kanatti dhihaatee jira

1.5.1 Kaayyoo Gooroo

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa qaaccessa faaruu ateetee goraa ykn tuqama mirga dubartoota
Oromoo Arsii Aanaa Kokkossaa irratti xiyyeeffata.
6

1.5.2. Kaayyoo Gooree

Kaayyoon gooree qorannoo kanaa, tuqama mirga dubartootaa ilaalchisuun ummanni Oromoo
Arsii Aanaa Kokkossaa sirna ittiin bulmaata duudhaa dubartoota naannichaa tuqan kabachiisuuf,
sirna faaruu ateetee goraa irratti qaaccessa geggeessudha. Haaluma kanaan kaayyoo waliigalaa
irratti hundaa’uudhaan kaayyoowwan gooree armaan gadii qaba.
a) Faaruu ateetee goraa caba safu qeeqan
b) Meeshaaleen aadaa sirna faaruu ateetee goraa keessatti dhimma itti bahan
c) Yoomessa Faaruun ateetee goraa
d) Gahee faaruun ateetee goraa mirga dubartootaa kabachiisuu keessatti qabu

1.6. Barbaachisummaa Qorannichaa

Ummanni Oromoo jiruufi jireenya isaa keessatti aadaa, afaan, amantii, sirna bulchiinsa mataa
isaa kan qabuudha. Haa ta’u malee sababoota adda addaa irraa kan ka’e eenyummaa, aadaa,
amantii, afaan, sirna bulchiinsa isaa irratti dhiibbaan taasifamaa tureera. Sababa kanarraa kan
ka’e aadaa, amantii, afaan, eenyummaa isaa dagachuun kan alagaa ofitti fudhachaa ture. Kun
immoo dhaloonni amma mallattoo eenyummaa isaanii isa ganamaa akka dagachaa deemaaniif
karaa saaqa. Akkuma ka’umsarratti himamuuf yaalametti aadaan hawaasa Oromoo kan
qoratamee dhumuu miti. Sababni isaas, bu’uuraalee jiruu fi jireenya dhala namaa wajjiin waan
wal-qabatuufiidha. Hawaasni Oromoo aadaa, safuu, duudhaalee boonsa heddu qaba. Haaluma
kanaan yeroo aadaafi safuun hawaasaa tokko tokko cabu ni mul’ata. Fakeenyaaf dubartii karaa
malee tumuun, jechoota hin malleen arrabsuun, deettuufi haadha dhaanuun, haadha (woyyuu)
arrabsuufi gudeeddii irratti raawwaachuun ummata Oromoo Arsii Kokkossaa biratti qaaniidha.
Yeroo ammaa immoo bakka adda addaatti darbee darbee hawaasa biyyattii ummata Oromoo
cinaa jiraatanifi dhaloota ammaa irratti safuu cabsuun mul’achuu eegaleera. Gochii badaa ta’e
kun, akka hin babal’anneef aadaa bareedaa dura ummanni keenya qabatee as gahe sana, too’atee
tursiisuu qaba.

Barbaachisummaan qorannoo kanaas, hawaasini Oromoo kamiyyuu aadaa kana beekuun,


wantoota mirga dubartootaa tuqan/sarban beekee irraa of qusachuu akka qabaatuufi hubannoo
7

waliigalaa akka argatuuf gargaara jedhamee waan yaadeefii dha. Kana malees duudhaa
Woyyooma dubartoota Oromoo durii kaasee ummanni Oromoo dhimma itti bahaa ture kana,
labanni ammaa:beekee, kabajee, kabachiisuun akka dhimma itti bahuufi dhalootni egerees,
duudhaa kana darbaa dabarsaan kunuunsaanii eeguun safuu fi naamusa akkasumaas kabaja
ummanni Oromoo dubartootaaf qabu irraa akka hubatuu/baratuuf. Beekumsii fi qaroomni
ummanni Oromoo waggoottan dheeraaf faaruu ateeteen safuu eeggachuuf dhimma itti bahaa ture
kun guddina fi muuxnnoo gaarii hawaasaa biyyaatiif gumaachuu akka danda’u gochuu dha.
Haaluma wal-fakkaatuun maalummaa fi qabiyyeewwan faaruu ateetee goraa isa ganamaa
dagatamaa dhufaa jiran ummata Oromootiif ifa baasuudha. Namoota woyyoma dubartoota
Oromoo irratti qorannoo geggessuuf akka madda ragaatti tajaajiluu danda’a. Akkasumas sirnicha
kanaan dura bifa afaaniin (oral) ture, gara barreeffamaatti jijjiiruun madda odeeffannoo Oromoo
Arsii, keessattuu aanaa kokkossaa ta’ee tajaajiluu danda’a.

1.7. Daangaa Qorannichaa

Daangaan qorannoo kanaa hawaasa Oromoo Godina Arsii Lixaa, Aanaa Kokkossaa qofa irrattii
dha. Qorannoon kun osoo guutuu Oromiyaa keessatti geggeeffamee bu’aa olaanaa fiduu danda’a.
Kana adeemsisuuf immoo humna namaa yeroo fi baasii guddaa waan gaafatuuf ulfaataadha.
Kanuma sababeeffachuun qorannoon kunis Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokkossaa keessatti
qaaccessa qabiyyee faaruu ateetee goraa qofarratti gaggeessuuf murteeffame. Mata duree kana
jalattis aanaa kana keessatti kabajni yookiin woyyoomni dubartootni qaban maal akka fakkaatuu
fi hirmaattootni sirnicha kanaa eenyu faa’a akka ta’an adda baasuun barbaachisummaa ateetee fi
sadarkaa ateeteen amma gama siyaas-diinagdeen mirga dubartootaa kabachiisuu keessatti gahee
maal akka qaban bal’inaan ibsameera.

1.8. Hanqina Qorannichaa

Qorannoon gaggeeffamu tokko bu’aa bahii hedduu keessa darbee xumura argata. Gama biraatiin,
ragaa bilchaataa fi duudhaa Oromoo isa durii (ganamaa) argachuun mataa isaatiin akka salphatti
kan yaadamuu miti. Kuniis kan ta’uu danda’eef dhaloonni lafaa dhufu, jiraattotni magaalaafi
naannoo magaalaa sababa babal’achuu amantaaleefi dhiibbaa adda addaatiin aadaa isaanii
dhiisuun /liqinffamanii aadaa isa biroo fudhachuun kan jiraataa jiran waan ta’eef ragaa qorannoo
8

kanaaf barbaachisu akkaataa barbaadamuun argachuun rakkoo guddaadha. Gama birootiin


hanqinni qoraticha mudachaa ture, hanqina yerooti. Kunis qorannoo geggeeffamu cinatti yeroo
barnootni ji’a bonaa itti kennamuun walitti dhufuun isaa dhiibbaa uumeera. Haaluma
walfakkaatuun ragaaleen barbaachisoo ta’an, kanneen akka sakatta’a barruutti fayyadan
bal’inaan dhabamuun hanqina isa biriiti. Rakkoo kana furuuf qorataan mangudootaafi dubartoota
umrii dheeraa qabaniifi hawaasa baadiyaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffachuu cinatti tooftaa
mataasaa uumachuun ragaa funaanuun qorannoo kana gaggeesseera.

1.9. Qindoomina Boqonaalee

Qorannoon kun boqonnaalee garagaraatti qoqqoodamee dhihaateera. Haaluma kanaan


boqonnaan tokkoffaan seensa, seenduube, ka’umsa, kaayyoo, barbaachisummaa, daangaa
qorannichaa, hanqina qorannichaafi haala jireenya hawaasa naannoo qorannichaa ofi jalatti
hammata. Boqonnaan lammaffaan immoo, yaada hayyoonni dhimma kana ilaalchisanii
barreessaan adda addaan sakatta’uun bakka itti dhihaatuudha. Boqonnaan sadaffaan malaafi
adeemsa qorannichaa kan qabaatu yoo ta’u, boqonnaan arfaffaan ammoo, ragaalee jiran
dhiheessuu, qacceessuufi ibsuu qabata. Boqonnaan shanaffaan cuunfaa, argannoofi yaboo of
keessatti hammata. Haaluma kanaan ka’umsa qorannoo kanaa, akka asii gadii kanatti
ilaallameer
2. SAKATTA’A BARUULEE FIROOMINAA

Boqonnaa kana jalatti ammlummaa ogafaanii, maalummaa ateetee goraa (tuqama mirga
dubartootaa ibsan), gosoota ateetee goraa, hirmaattota sirnichaa (qooda fudhattoota) ateetee
goraa, gahee faaruun ateetee goraa mirga dubartootaa kabachiisuu keessatti qabdufi faayidaa
(ulfina) faaruun teetee Arsii Aanaa Kokkossatti qabdu, Faayidaa faaruu ateetee, gosoota faaruufi
haala raawwii (araara) faaruu ateetee goraa sakatta’amanii dhihaatniiru. Inni lammaffaan
qorannoowwan ateetee fi sirna faaruu ateetee goraa wajiin wal qabatan sakatta’uun, kitaabilee
mata duree qorannoo kanaan walfakkaataniifi itti dhiyaatan akkasumas ragaawwan odeeffannoo
kennittotarraa walitti qabaman fa’aaf dursa kennuun qorannichaaf tumsi laatameera.

2.1 Ogafaan

Ogafaan gosoota fookiloorii keessa dalgaa aartii duudhaa jalatti kan argamu ta’e, kalaqa
sammuu namaa keessatti qindaa’uun kan afaanii fi gochaan himamuudha. Kana jechuun afoolli
afaaniin lufaa dhufe kun baattuu seenaa, eenyummaa, falaasama, ilaalcha, duudhaa, safuu,
diinagdee, amantii, siyaasaa, beekumsaa fi muuxannoo dhala namaa dabarsaa kan as gaheedha.
Geetachoon (2008:114) irratti yaaduma kana deeggaruun “afoolli gosa ogumaa ta’ee, aadaa,
seenaa fi muuxannoo hawaasaa himamsa afaaniitiifi gochaan akka darbaa dhufeedha”. Kanaafuu
afoolli(ogafaan) aartii jechaa ykn oguma dubbii jedhamuu ni danda’ama. Sababni isaas wanta
sammuu keessatti qindaa’ees afaaniin himama waan ta’eefidha. Akka hayyuun Okpewho (1992)
“afoola Afrikaa gosoota gurguddoo saditti qoode. Isaanis, Seeneffamoota afoolaa (oral
Narratives), Afwalaloo fi qareeyyii” jechuun qoqoode. Akka inni ibsutti seeneffamoonni warreen
jaargocha dhangala’aan himamaniidha. Afwalaloon kanneen amala walaloon guuttamanii jiran
yommuu ta’u, qareeyyiin immoo kaneen jechoota gaggababoon himamanii dha.

Faayidaalee gurguddoon ogafaanii, afoolatti fayyadamanii afaan barsiisuu, dandeettii afaanii


irraa horachuu, aadaa hawaasichaa afoolaan barsiisuu, afoolaan gorsuu, afoolaan miliquuf,
afoolaan quuqaa ibsachuuf, afoolaan gora bahuu, afoolaan dhimma hawaasichaa ibsachuuf
afoolli iddoo olaanaa qaba. Ummanni Oromoo baroota hedduuf afoola kanneen akka hiibboo,
faaruuu, geerrarsa, weedduu, Mammaaksa, jechama, dur-durii, dubbii qolaafi sheekoo adda
10

addaa bu’uura godhachuun aadaa, safuu, duudhaafi seenaa isaa ibsachaa tureera. Kana malees
hawaasni afoola isaa akka qabeenya waliinii ta’uu beekee akka itti fayyadamaa tureefi ammaas
itti fayyadamaa akka jiru agarsiisa. Haaluma walfakkaatuun Geogesfi jones (1995:314 ) bu’aa
afoolli tokko hawaasaaf qabu akkanatti ibsan, ‘’Hawaasni tokko afoolatti gargaaramee waa
barsiisa, duudhaa hawaasaa toora qabsiisa, ni fooyyessa, waa’ee eenyummaa fi aadaa isaa ittiin
beeksisa, dubbii ittiin fixa, ittiin bashannana, ittiin wal-bulcha, dubbii dabde ittiin qajeelcha’’
jedhu.
Walumaagalatti seenaa Oromoo keessatti afoolli kan goota itiin faarsan, kan gowwaa ykn
dabeessa ittiin gorsan ykn arrabsan, kan mirga namummaa ittiin kabachiifatan, kan misooma
ittiin gageessan kana males afoolli kan midhaaginni uumamaa ittiin ibsamu, kan safuun
hawaasaa ittiin eeggamu, kan booree ittiin bahaniifi tuqama hamilee namootaa jalaa miliquuf
afoolli gahee olaanaa taphata.

2.2. Maalummaa Ateetee.

Ateeteen uummata Oromoo biratti yoomiifi eessatti jalqabuu isaa ragaan qabatamaan
barreeffamaan jiraachuu baatuus akka hayyoonni fi manguddoonni jedhanitti ,ateeteen dhufaatii
sirna gadaa Oromoo wajjiin kan walqabateefi walitti hidhata akka qaban manguddoonnii obboo
Guyyee Kadiiriifi Haaj Abdallaa Soondhii akkasumas addee Dammee Tukaa gaafiifi deebii
guyyaa 12/7/2011ti qorataa wajjiin taasisaniin ragaa bahu. Akka manguddoonni kunniin
jedhanitti, seerri siinqee cimee lafa kan qabate ykn ulaagaa kan guuttate Gadaa Birmajiitiin yoo
ta’u, Siinqee dubartiif kan kenne Bokkuu akka ta’e himu. Ateeteen akkuma og-afaanota kaanii
safuu, seera, kabaja, muuxannoofi eenyummaa aadaa dubarttootaa baatee afaaniifi gochaan
dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufeedha. Kana malees ateeteen, sirna dubartoonni Oromoo
waaqa (uumaa) ittiin kadhatan (araarfatan), hawwii fi abdii jiruuf jireenya isaanii keessatti qaban
ittiin ibsatanii dha. Akka aadaa fi duudhaa ummata Oromootti, wantootni gurguddoon
safeeffaman (woyyaman) inni olaanaan Waaqaa fi Lafa yoo ta’an, isaan lamaan kana jalatti
wantootni woyyaman Abbaa , Haadha, Ateetee, Farda Sangaa, Dhaltii, Qaallicha, Deettuu,
Qanafaa, Siinqee, Soddaa, Soddaatii, Mana fi Dorrobaa dha. Seera kana keessatti dubartiifi
waraana dubartii kan ta’e Siinqeen bakka olaanaa akka qaban hayyuun waa’ee tumaa seeraa
kanaa beekana manguddoonni maqaan isaanii asiin gubbatti barreeffame ragaa bahu.
11

Jireenya nama dhuunfaa hanga Sirna Gadaa ummanni Oromoo ittiin buluutti safuudhaan kan
guuttame yoo ta’uu, namni safuu hawaasaa hin eegne hawaasa biratti fudhatama hin qabu. Yaada
kana kan deeggaru galmeen jechootaa Oromoo English, Tilahuun Gamtaa, (1989:511) “safuun
waan hawaasni sun safuudha jedhe kabajanii osoo itti hin bu’in, hin dabsiniifi hin cabsin
jiraatuudha”. Safuu cabsuun Oromoo biratti dhaggee ykn fokkuu dha. Safuun hawaasa oromoo
biratti akka seera Waaqaa-Lafaatti ilaallama. Kana jechuun safuun akka seera namaan tumamee,
jijjiiran ykn jigsan osoo hin taane safuun seera uumamaati. Kana malees ulfoon asii olitti
tarreeffaman kana Oromoon yoo horatu, horsiisu, yoo kunuunsuu fi yoo itti fayyadamu akka
argetti osoo hin taane seeraa fi safuu sadan Oromoon safeeffatuun eegee kunuunsee dhalootaa
dhalootatti walii dabarsaa as gahe. Safuun Oromoon safeeffattu sadan jedhaman kunis Safuu
yaadaa, Safuu jechaa fi Safuu gochaa jedhamu.

Safuu yaadaa kan jennu yaadaan waa balleessanii badan yoo ta’u, wanta yaadaan eeggachuu
qabaniidha. Safuu jechaa, safuu dubbiin ykn waan arrabaan balleessan yookiin cabsan yoo ta’u,
Safuun gochaa immo safuu harkaa, safuu miilaa, fi safuu qaama saalaa kan ilaallatuudha. Namni
safuu hin eegne rakkoo keessa gala.Worqineeh Qalbeessaa (2005) Gammachu (1993)
waabeffachuun waa’ee safuu yoo ibsu,”safuun akkaataa gocha namni hojjatu sirrii fi sirrii ta’uu
dhabuu kan hawaasni Oromoo ittiin madaaluudha” jedha. Kana jechuun safuun ilaalcha Oromoo
keessatti seera ilmi namaa addunyaa tana madaala uumamaa eeguun, inni tokko isa biroo osoo
hin miidhin waliin jiraachuuti. Haaluma kanaan wantootni ummata Oromoo biratti woyyoman
kanneen keessaa faaruun ateeteefi Siinqeen ishii tokko. Sabni kun, duudhaa safuu kana ittiin
walii eegee, dhalootaa dhalootatti karaan ceesisuun keessaa inni tokko sirna faaruu ateetee
dubartootaati.

Isuma kana Asaffaa Tafarraa Dibaabaa (2009)‘’ateeteen ayyaana dubartii yookin haadholiiti”.
Dubarri akkuma heerumteen jiruuf jireenya gaarii akka qabaattuuf, akka hortee sooramtu,
ulfaattee maatii ishee wajjin akka jiraattu kan duukaa buutee eegdu ateeteedhaan jedhameeti
abdatama’’ jechuun ibseera. Kanaafuu ateeteen ogafaan keessaa dirree qaroomina ganamaa
dubarttoota oromoo biratti kan qajeelee safuu kabaje ittiin eebbifamu, kan safuu cabsee fi dabse
ittiin qajeelfamu dambii mataasaa kan qabuudha.
12

2.3 Akaakuwwan Ateetee

Akka waliigalaatti ateeteen bal’ina Oromiyaa irraa kan ka’e, Godinaalee adda addaatti akaakuun
hedduu jiraatanillee, akka ragaan waajjira Aadaa fi Turizimii aanaa Kokkossaarra harshammeen
(2002:12) maxxanfame, ibsufi akka manguddoonni Guyyee Kadiiriifi H/Abdallaa Soondhii
wajjiin qorataan gaafiifi deebii guyy 24/7/2011 taasifameen, ateeteen hawaasa Oromoo Arsii
biratti, bakka gurguddoo lamatti qoodamti, jedhu . Inni duraa ateetee Falaa yemmuu ta’u,
akaakuun ateetee inni lammaffaan immoo ateetee Goraa yookin morkaa kan tuqama mirga
duartootaa ittii kabachiifataniin walqabatuudha

2.3.1. Ateetee Falaa

Gara ateetee goraatti osoo hin ce’in dura waa’ee ateetee falaa qabxiilee muraasa kaasuun
barbaachisaadha. Gosti ateetee kanaa yeroo taateewwan (events) jiruu fi jireenya ummataarratti
jeequmsa geessuu danda’an kan akka dhibee daddarbaa ateetee furmaa (yeroo ji’a bonaa) ykn
dheerachuu caamsaa, roobaaf kadhatamu, ateetee beelaafi hoongee, ateetee loonii, ateetee
woraana qabbaneesuufi balaan biroo yoo mudatan akka waaqni irraa baraaruuf dubrtootni
siinqee qabatanii Malkaa fi Tullutti bahanii Waaqa isaan uume faaruu ateeteen kadhatu. Qarruu
malkaa, (sardoo) marga jiidhaan maranii fuudhuudhaan namaan qabu. Kan irraa hafees booroo
manaa kaayatu. Kana malees dubartootni Oromoo ogafaaniin badhaadhoo waan ta’aniif uumaa fi
uumama isaanii ateeteedhaan, quufaaf (qabeenya qaban faluuf), guddinaa biyyaa fi safuu cabe
ittiin deebisuufi jigaan tulluufi malkatti bahanii faaya (waraana) aadaa isaanii siinqee, qarruufi
sardoo jiidhaa harkatti qabatanii ogafaan midhaagaa ta’een akkana jechuun waaqa isaanii
kadhatu/ faarfatan.
Siinqee tiyya lootii qabadhee
Rabbii kiyya mootii kadhadhee
Safuu tiyya laalinii na wolaalini
Kana jechuun: faaya uumaan naaf uumee, woyyooma ittiin argadhe harkatti qabadhee si
faarfachuu bahee akka dilii an hojjadhutti hin mufatinii nu loosi Jechuudhaan waaqasaani
kadhtu. Akka manguddoo waa’ee sirna ateetee manguddoonni akka H/Milkii Badhaasoo
obb.Guyyee Kadiir jedhaman irraa guyyaa 20,30/7/2011fi 15/7/2011 qorataan odeeffannoo marii
garee taasiseen argatetti dubartootni waaqa kadhaaf malkaafi tullutti bahan, waaqarraa hin
13

dhaban, milkaa’aniiti galu, jedhu. Akka fakkeenyatti rooba kadhaaf yoo bahan, otuu isaan achii
hin galin waaqni roobeefii ililchaa gammachuudhaan galu jedhu.

2.3.2. Ateetee Goraa

Asiin gubbatti maalummaan fookilorii, afoolaa, safuu, maalummaa ateetee, akkasumaas


faayidaan ateetee, ibsameera. As jalatti immoo akaakuu ateetee goraa ykn mormii tuqama mirga
dubartootaa ibsan ilaalla. Gosti ateetee kun dhimma goraa ykn tuqama mirga duartootaa ittiin
kabachiifataniin walqabatuu dha. Qabiyyeewwan ateetee kanaa arrabsoo woyyuu, tumaa
woyyuu, gudeeddii woyyuu, tumaa qanafaa, arrabsoofi tumaa al-kallattii fa’atu as keessatti
argama. Kanas tokkoo tokkoo isaanii boqonnaa afur keessatti addaan bahamanii ibsamaniiru.

2.4. Maalummaa Faaruu

Faaruun damee afwalaloo ta’ee kan hawaasni jiruufi jireenya isaa keessatti waan isa muudate
ittiin ibsatuudha. Faaruun aadaa dameewwan afwalaloo kan yeroo dheeraaf jiraatu ta’ee argamu,
kan baratamu, kan maatiifi garee hawaasa murtaa’aa biratti bal’inaan argamuudha. Gosa
afwalaloo Oromoo bifa walaloon dhiyaatu keessa tokko weedduu ykn (faaruu) yoo ta’u,
uummanni Oromoo faaruu akkaataa ittiin haadha, abbaa, lafa, biyya, bifa, fira, hiriyaa, jaalalleefi
lammii isaa faarfatu qaba. Haaluma kanaan faaruuf hiika garaagaraatu kennama

Gama biroon immoo, akka Fedhasaan (2013:51) ibsetti, “Faaruun walaloo aariidhaan guutamee
jiruudha”. Kunis namni tokko hawaasa keessatti jaalatee dhabuu, waan tokko barbaadee gufuun
itti baay’achuu danda’a. Yeroo kana aariidhaan guutamee xiiqiidhaan weeddisuu/faarsuu akka
danda’u ibseera. Faaruun aadaa gosa ogwalaloo ta’ee, gooroo ogafaan durii kaasee ture.’’
jedha. Haaluma walfakaatuun, wa’ee faaruu Gammachuun (2004:8-9) yoo ibsu “faaruun karaa
uummanni Oromoo barsiifata, duudhaa, amantaa, sirna waaqeffannaa, gaddaafi gammachuu
ittiin ibsatuudha”. Akkasumas, faaruun karaa uummanni miiraafi dhageettii, hubannaa yeroo
darbee, haala yeroo ammaa, dhaloota haaraa ittiin barsiisuuf dhaloota itti aanutti ittiin
dabarsuudha. Kanaafuu, afwalaloon bifa walalootiin dhiyaatan keessaa faaruu gosa adda addaa
kan akka faaruu ateetee, gootaa, uumaa fi loonii ni argamu.
14

2.4.1. Faayidaa Faaruu

Faayidaan Faaruu ateetee kun, Kan hawaasni jiruufi jireenya isaa keessatti taatewwan gaddaa
gammachuu keessatti isa muudate sagaleedhaan baasee kan ittiin ibsatuudha. Kana jechuun
hawaasni tokko jireenya guyyuu gaggeeffatu keessatti gaddaafi gammachuu, jibbaafi jaalala,
abdiifi hawwii, hiyyummaafi badhaadhina, gabrummaafi bilisummaa, obsaafi ilaalcha ofii qabu
karaa ittiin ibsatuudha. Faaruun dalagaa keenya guyyaa guyyaa keessatti faayidaa guddaa qaba.
Kanaas Finnegan (1976:242), walduraa duubaan yoo ibsitu, faaruun ykn weedduun dhimma
yeroon walqabate, dhiibbaa siyaasaa, kaka’uumsaafi ilaalcha hawaasaa ibsuuf kan fayyaduudha.
akkasumas hojii hojjennu, waan jaalannu, yeroo daa’imman dhalattuufi yeroo du’aas ni faarsina
jechuun faayidaa faaruu ibsiti.

Dabalataanis, Iristeen (2012:18) Nagarii waabeffachuun faayidaa faaruu/ weedduu yoo ibsitu
“Weedduun/Faaruun ni barsiisa, ni gorsa, ni gootomsa, aadaa, duudhaa, dhaggeeffannaafi
falaasaama abbootii, dhaloonni haaraan akka hubatan godha” jechuun ibsitee jirti. Oromoon
karaa faaruu isaatiin wanti inni hin ibsanne hin jiru. Dhimmoota adda addaa irratti yaada
kennuufis ta’e tajaajila adda addaa itti ba’uufis gargaarama.

2.4.2 Gosoota faaruu

Gosoonni faaruu heddu yoo ta’an kan akka faaruu ateetee, faaruu amantii, faaruu jaalalaa, faaruu
daa’immanii, faaruu looniifi kan kana fakkaatan yoo ta’an marti isaanituu yoomessaafi
hirmaattota mataa isaanii qabu. Kanneen keessaa muraasni faaruun ateetee kan raawwatu
dubartootaan ta’ee dhimmoota akka falaaf lagaafi tullutti bahuun rooba kadhaafi sinoota adda
addaattiif akkasumas yeroo goraa/morka tuqaa mirga dubartootaatiin walqabatee kan raawatamu
yoota’u, faaruu amantii ammo naannoo mana amantaatti saala lamaaniinuu kan faarsamuu dha.
Faaruun jaalalaa ammo mana cidhaatti, bakka hojii fa’atti kan faarsamu yoo ta’u, faaruun
daa’immani yeroo daa’imman booyaniifi yeroo faatee(gaafa kutaa loonii) kan
faarfamuudha.Faaruun loonii ammo bakka loon obaasan, tiiksan, midhaan ayidaniifi bakka
cidhaatti abbootiin loonii qananii/galata loonii galchuun kan faarsaniidha.
3. XIINMALA QORANNICHAA

3.1. Ibsa Haala Naannoo Qorannichaa

Argamaa fi hundeeffama aanaa qorannichi itti gaggeeffamuu ilaaluun dura madda hortee fi
quubsuma Oromoo Arsii ilaaluun barbaachisaadha. Haalli latiinsa hidda Oromoo hanga Arsee,
akka barruun seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaatti jedhu, kan hayyoota akka Alamaayyoo,
Sanbatoo, Daani’eelfi Boshii faa’a wabeeffachuun bara 1998 Waajjirra Aadaafi Turizimii
Oromiyaatiin maxxanfame ibsutti, latiinsi hidda Arsee:---Xummuggaa---Marewwaa----
Barreentuu----Oromoo akka ta’e qo’annoo isaaniitiin ibsaniiru.
Oromoo

Boorana Barreentuu

Marawwaa

Xummuggaa

Arse
Mando Siko

Raayyaa Jaawwii
Wonimaa
Illaanii
kajawa
Bullaallaa
Hawaxa
Utaa Waajituu
Waayyu Wucaalee

Biiltuu/Heebanaa

Gama biraatiin barreeffama Fatul-habashaan yeroo dheeraa keessatti barreesse wabeeffachuun


Haaji Ibraahim Aadam qorataa wajjiin guyyaa 12/8/11 gaafiifi deebii taasiseen ilmaan Brreentuu
shan yoo ta’an, isaanis, Xummugga—Dagga---Baabbille---Oborra---Aalle akka ta’an ragaa bahu.
Haaluma kanaan ummanni Arsii hortee sanyii Kushii kan ta’ee fi damee Barreentuu irraa wal-
horaa kan dhufe yoo ta’u, ummanni Oromoo yeroo ammaa Arsii jedhamuun waamamu maqaa
ilmaa Xummuggaa Arse jedhamurraa kan fudhatamee fi kan qubannaan yeroo ammaa
godinaalee sadan Arsii Lixaa, Arsii Bahaa fi Baale keessa faca’ee kan argamu maddi hortee
isaanii ilmaan Arsee jedhamuun beekkamu. Arse immoo ilmaan lama hore. Isaanis Mandoo fi
16

Sikko jedhaman. Bifuma wal-fakkaatuun Mandoo fi Sikkollee wal-jalaa horuun Mando ilmaan
torba, Sikko ilmaan shan horuun babal’ataniiru.
Horteen ummata Oromoo Arsii aanaa Kokkossaa jiraaan hidda dhaloota damee Mandoo ta’ee
hortee ummata Kajawaafi Raayyaa jalatti argama. Kajawa ilmaan afur qaba. Isaanis Mayyu,
Manna, Adamoo fi Qoomaa yoo jedhaman, dameen Raayyaa ammo Gaansharo, Aabennaa,
Faaro/Faarachuu akka ta’an manguddoon obboo Bondhaa Waadoo gaafiifi deebii qorataa wajjiin
guyyaa 12/8/2011 taasisaniin ragaa bahu. Aanaan Kokkossaa kallattii kibba dhiha Godina Arsii
Lixaatti argamti. Fageenyi aanichi magaalaa guddittii Godinaarraa (Shaashamanneerraa) km 116
fi magaalaa gudditti Oromiyaa Fifinnerraa km 365 fagaattee argamti. Bal’inni lafa aanichaa
HEK.72746 yoo ta’u, bara 1916 A.L.H sadarkaa itti aanaa bulchiinsa aanaatiin akka
hundeeffamte harshammeen Waajjira Aadaafi Turizimi.(2002) barreeffamee maxxanfamne ragaa
baha. Aanaan kun kallattii afraniinuu aanaalee garagaraa torbaan daangeffamee ykn marfamee
argama. Moggaasa maqaa Kokkossa jedhuus kan argate Gaara beekkamaa maqaa Kokkossa’
jedhamee waamamu naannoo sanatti argamurraa akka ta’e harshameen Waajjira Aadaafi
Turizimiin maxxanse kun ragaa baha.
Kaartaa Aanaa Kokkossaa

Aanaan kokkossaa yeroo ammaa kana, bulchiinsa gandoota magaalaa lamaa, gandoota baadiyaa
22 fi mana barumsa 52 kan of keessaa qabuudha. Baay’inni ummata aanichaa akka ragaan
lakkoofsa ummataa fi manaa Istaatiksii biyyoolessa bara 2000 A.L.H ibsutti, 198815 ta’uu,
ragaan harshammee barreeffamee Waajjirri Aadaafi Turizimii aanichaa keessa taa’e ni ibsa.
Haalli qilleensa ishee akka waliigalaatti baddaa fi badda dareetti kan qoodamudha., Aanichi
17

bu’uraalee misooma garagaraa kaneen akka: tajaajila bishaan qulqulluu, geejjibaa, tajaajila ibsaa,
bilbilaa, buufatalee fayyaa, manneen barumsaa hedduu fi hospitaala tokko kan qabuu dha.

Haalli diinagdee aanichaa kan hundaa’e irra caalatti hojii qonnaafi horii horsiisuurratti
xiyyeeffata. Kanamalees aanichi qabeenya uumama kaakuu garagaraa kanneen akka Mukkeen
akaakuu 20 ol, bineensota Bosonaa, Allaatiiwwan gosa garagaraa, Simbirroota adda addaa,
Laggeen gurguddoo akka Waabee, Loggitaa, Maganaamoofi Gaarreen akka Gorxee, Aganaafi
Tulluuwwan hedduun aanicha keessatti argamu
Akka aadaa hawaasa aanichaatti: sirnni fuudhaa fi heerumaa, akaakuu 8n raawwatama. Isaaniis
Walgara, Gabbara,. Hawii, AddaBaana, Buttaa, Miil-batoo, Manatti Fiduufi Dhaala
.Walumaagalatti sirna fuudhaa fi heerumaa saddeetti keessaa yeroo amma kana akka Buttaafi
Dhaalli miidhaa inni yeroo ammaa kana geessaa jiruun walqabatee aadaawwan hubannoo
kennuun hafaa jiraniidha.

3.2. Saxaxa qorannichaa

Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ibsama. Gosti qorannoo kanaa ragaa
isa jalqabarraa qabatamaafi firii barbaadame argachuuf tajjajila. Innis dhimmoota qorannicha
keessatti dhiyaatan mara jechaan ibsaa, odeeffannoowwan funaanaman daawwachuun lubbuun
waan argaman, dhagahamaniif adeemsaawwan mariidhaan gaggeeffaman hunda isaanii bifa
sakatta’insa barruutiin, af-gaaffiifi marii gareerraa odeeffannoo sassaabuun fayyadama.
Kanaafuu, saxaxni qorannoo kanaa qorannoo akkamtaati.

3.3. Madda Ragaa Qorannichaa

Qorannoo kana gaggeessuuf madda ragaa Lamarraa odeeffannoon walitti funaanname. Isaanis
madda ragaa Tokkoffaafi Madda ragaa Lammaffaati. Maddi ragaa tokkoffaan qorannoo kanaa
gara dirree qorannoo bahanii odeeffannoo guuruun kan gaggeeffamu yoo ta’u, kuniis namoota
beekumsaafi muuxannoo seera ateetee morkaa ykn goraarratti qaban jedhamanii yaadaman;
manguddoota, abbootii gadaa, haawwan dhimma kana gad-fageenyaan beekanii fi ogeeyyii
waajjira aadaafi turizimii fa’aatti qorataan kan gargaarame yoo ta’u, Maddi ragaa lammaffaa
immoo gama barreeffamaatiin kitaabilee aadaafi duudhaa irratti hojjataman, galaalchaalee adda
18

addaafi sakatta’a harshammeen akka madda ragaa lammaaffatti kan tajaajilani ta’ee qorataan
kun keessattu sakatta’a harshammeetti dhimma baheera.

3.4. Iddaatoo fi Mala Iddaatessuu

Iddattoon qorannoo kanaa hawaasa Aanaa Kokkossaa jiraatan keessaa namoota qabiyyee faaruu
ateetee goraa irratti beekumsaafi muuxannoo qaban irraa ragaalee funaanuun xiinxalluudha.
Qorannoon kun gosa qorannoo akkamtaa waan ta’eef malli iddateessuu qorannoo kanaas mala
miti carraati. Haaluma kanaan baay’inni iddattoo jaarsoolee fi jaartolee sirna ateetee irratti
muuxxannoo yeroo dheeraaf saddeeta ateetee ta’anii tajaajilan jaarsolii (8)fi jaartolee torba(7)
walitti namoota 15 mit-carraadhaan darbaa dabarsaan kan fudhataman irratti gaggeeffame. Kana
malees madda ragaa lammaffaa kan ta’e harshammetti gargaarameera.

3.5. Meeshaa Funaansa Ragaalee

Qorannoon kana keessatti malootni odeeffannoo funaanuuf barbaachisan kanneen akka:


daawwannaa, af-gaaffii, marii garee xiyyeeffannoo, meeshalee adeemsa funaansa ragaawwaniifi
malleen xiinxaala ragaawwanii of jalatti hammatee tartiibaan dhihaataniiru .

3.5.1. Daawwannaa

Qorannoo kana karaa guutuu ta’een gaggeessuun bu’aa barbaadame bira gahuuf ragaan af-
gaaffiin funaannamu qofti gahaa miti. Waan kana ta’eef ragaa dabalataa qorannicha cimsuu
danda’an funaannachuuf yoomessa sana keessatti gochaalee sirni ateetee keessatti geggeeffamu
daawwachuun sirnicha hordofuun ragaalee tokko tokko bakka ifa hin taanetti yaadannoo
qabachuun dhumarratti bakka shakkiin wal-qabatan jiranitti namoota waa’ee kanaan beekumsa
qaban gaaffachuun qorannooni kun gaggeeffameera. Walumaagalatti, waan jamaan (ateeteen,
jaarsoleefi haawwoleen raawwatan haala raawwii sirna ateetee goraa hunda keessatti hirmaachaa
ykn qooda fudhachaa ragaa barbaadamu hunda funaannachuun qorannoo kana qorataan
adeemsise.
19

3.5.2. Af-gaaffii

Bu’urummaan af-gaaffiin qorataan gaaffii afaaniin odeeffannoo kennitoota gaafatudha. Kunis,


odeef-kennaafi qorataan fuulleetti wal arganii odeeffannoo waliif kan kennanii dha. Af-gaaffiin
meeshaa funaansa ragaati. Meeshaan funaansa raga kun odeeffannoo baay’ee murteessaa ta’e
bifa gaaffii banaafi cufaa qophaa’an gaaffachuudha. Haayyonni adda addaa faayidaa mala kanaa
kallattii adda addaan ni ibsu. Punch (1998) barbaachisummaa meeshaa kanaa haala itti aanuun
ibseera. “Af-gaaffiin qorannoo akkamtaa keessatti meeshaa funaansa ragaa murteessaafi
hubannoo namoonni waan tokkorratti qaban baruudhafiis ta’ee, hubachiisuudhaaf mala
cimaadha” jedha. Gaaffiilee banaa kan jedhaman odeeffannoo kennaman osoo itti hin dhiphatiin
taphachaa osoo of hin nuffiin waan gaafatame sana bu’uura godhatee hanga beeku muuxannoo
ofiifi namootaa irraa deebii inni kennu kan hin daangeffamnedha. Gaaffilee cufaan immoo waan
deebii tokkoofi tokko barbaadaniif ibsa yaada dhuunfaafi ilaalchaa kan of keessaa hin
qabneedha. Haaluma walfakkaatuun odeef-kennitoota af-gaaffiif filataaman jaarsota buleeyyii
umrii 70 ol ta’aniifi dubartoota cimeeyyii umrii 60 olii qonnaan bultoota ta’anii waa’ee ateetee
beekan garee saditti qooduun gaafatamaniiru

3.5.3. Marii Garee Xiyyeeffannoo

Marii garee bu’uureeffate kan adeemsifamu dhimmoota qoratamu sana irratti ragaa quubsaa ni
kennu jedhamanii namoota yaadaman ragaa gahaa akka kennan gochuudhaan. Haaluma kanaan
af-gaaffii qorataan gaafachaa ture gareen qooda fudhatoota ateetee goraa kana keessatti namoota
yookiin hayyootafi dubartoota muuxannoo ganna hedduu qaban keessaa itti yaadee filachuun
garee saddeeta dhiiraa 6 fi dubartii 3 gora baasaa ateetee kanarratti yeroo baay’ee muuxxannoo
qaban qindeesuun af-gaaffii dhiyaateef akka deebisan gochuun kan qorannoon kun
adeemsifameedha.

3.5.4. Sakatta’a Harshammee

Malli qorataan itti fayyadame keessaa tokko ragaa barreeffamaa sakatta’uudha. Ragaa dabalataa
wantoota mata-duree kana wajjiin walqabatu wanta barreeffamaan kaa’ame Waajjira Aadaafi
Turizimii keessaa dubbisuufi qorannoo mata-duree kana waliin walfakkaatan kanneen akka
20

ayyaana ateetee, ayyaana gannii fa’a ilaaluun odeeffannoo walitti qabachuun qorataan qorannoo
kana gaggeesseera.

3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee

Qorannoon kun ragaawwan odeeffannoo kennitootarraa meeshaalee fuunaansa ragaa kanneen


akka daawwannaa, sakatta’a harshammee, af-gaafiifi marii gareen funaannaman wal
fakkeenyaafi walitti dhiheenya qabiyyee irratti hundaa’uun garee gareetti qoodamuun
qaacceffamaniiru. Kanaaf malli xiinxala ragaalee hojiirra ooles mala akkamtaa yemmuu ta’u
faaruun ateetee goraa erga adda baafamanii booda qabiyyeefi ergaa akkamii akka of keessaa
qaban ibsi itti kennameera. Addunyaan (2011: 62-63) qaaccessa ragaa yoo ibsu, malli ibsaa
dhimma qoratamu sana ilaalchisee maaltu akka ta’eefi maaltuu akka ta’aa jiru addaan
baasuudhaan jijjiiramoota akkuma isaan yoomessa uumamaa keessatti argamanitti kan ibsudha

Mala odeeffannoon itti hiikamu keessaa mala akkamtaa qabiyyetti qoqqooduun fayyadamuun
jaarsolee fi jaartolee buleeyyii adeemsa sirna faaruu ateetee kanaa beekan irraa ragaa
funaanaman haala walfakkeenyaafi garaagarummaa isaaniitiin yaada gaafilee bu’uuraa adda
baasuun fudhachuun, yaadolee hin barbaachifne keessaa hambisuufi kan wal-siman ammo walitti
fiduun yaada goolabaa walduraa duuba isaanii eeguun bifa barreefamaatiin qindaa’anii
qaacceffamaniiru
4. DHIYAANNAAFI IBSA RAGAALEE

4.1. Qaaccessa Ragaalee Qabiyyeedhaan

Qaaccessa Ragaalee waa’ee faa ruu ateetee goraa yookiin tuqama mirga dubartootaa ilaalcha
Oromootiin walqabatee akka safuutti safeeffamaa turan kanneen akka gudeeddii sadarkaalee
adda addaa, tumaafi tuqaa jechaa (arrabsoon) nama miidhan irratti bu’uureeffachuun meeshaalee
funaansa ragaalee kanneen akka afgaafii, marii garee, daawwannaaleefi sakatta’a
harshammeetiin walitti funaannaman haalaafi yoomessaa isaatiin qabiyyee qabiyyetti
qoqqooduun qaacceffamanii akka armaan gadii kanatti tarreeffamaniiru.

4.1.1. Faaruu Ateetee Goraa Caba Safuu Qeeqan

Ummata Oromoo Arsii kokkossaa keessatti gosti ateetee komii ibsan heddu yoo ta’u;
dhimmoonni isaanii immoo galtee dubbiitiin yookiin gocha raawwatameen adda bahee ilaallama.
Akaakuun ateetee kun dhimmoota goraa yookiin tuqama mirga duartootaa ittiin kabachiisuufi
tokkummaa isaanii cimsuun kan walqabatuudha. Akka manguddoonnifi haawoleen(2,3fi4
dabalee C ) qorataa wajjiin gaafiifi deebii taasisaniin, dhimmoonni faaruun ateetee goraa/
morkaa baatuuf: gudeeddii woyyuu, gudeeddii obboleewwan gosaa, tumaa woyyuu, tumaa
qanafaa, arrabsoo woyyuu, arrabsoo obboleessaa ibsan fa’atu, as keessatti argama. Isaanis duraa
duubaan armaan gaditti dhiyaatanii qabiyyeedhaan qaacceffamaniiru.

4.1.2. Qeeqa Gudeeddii Woyyoomaa

Akaakuun faaruu ateetee gora balaaleffannaa dubartoota keessaa hamaafi ulfaataan gudeeddii
woyyuuti. Akka manguddoon obboo Haaj Abdallaa Soondhii jedhanitti, Ummatni Oromoo
dubartii seera tumaa sirna gadaa cinattillee waan hedduuf kabaja olaanaa kennaaf. Isaan keessaa
dubartii akka haadhaatti, akka obboleettifi akka haadha manaatti ilaaluun bakka guddaa kennaaf.
Gama birootiin dubartii kabajuun safuu uumaafi uumamaan ganama isaaniif kennamee dha.

Seerri bu’uura sirna gadaa mirga dubartootaa kabachiisuufi safuun uumamaa kun otoo akkanatti
tumamee taa’ee jiru namoonni sababoota garagaraa irraa ka’uun safuu kana cabsanii argamu.
Kunis hubannoo ykn seera woyyoma dubartootaa kana gad-fageenyaan beekuu dhabuun, gama
biraatiin miira jaalalaa keessa seenuun osoo beekuu kan raawwatu ykn tasa osoo hin beekin ykn
baalli wal hin gaafatin safuu kana cabsee argama.

Rakoon olitti tuqame kun yoo dubartii takka qunname battalatti ykn guyyoota lamaa hanga sadii
keessatti Saddeeta dubartootaa bira deemtee himati. Saddeenni dubartoota kuniis wal-gahuun
haqummaa dubbii kanaa sadarkaa balleessaa dhimmichaa erga addaan baasanii, yoo wal-
dhabbiin yookiin taateen gale sun sadarkaa Safuu dubartootaa tuqu ta’e saddeenni kun erga
22

mirkaneessee booda jaarsolee naannoo dhageechisuun dubartoota naannoo sanaatti erguun


guyyaa ateeteen komii kana balaaleeffatuuf baatu murteeffatu. Erga ateeteen haa baatuu
murteeffamee dubartiin dalgaan kun irratti raawwatame hanga dhugaan dubbii kanaa baatutti
dhangaa barbaachisu hunda qopheeffattee xumurtee ateeteen yaati.

Suuraa 1.yeroo dubartootni ateetee goraatiif manaa baatu, gargaaraa kaameraatiin kan kaafame

Ateeteen yemmuu gocha kanaan bidooftee manaa baatu faaruu ateeteen akkas jechaa bahan:
1ffaa Haadha Heesse, heesseen takka baatee 2ffaa Madaala hodhee
Argee hin beekuu, heebbii natti taatee Kurree itti geessaa
Heebbii baate dhageettaa, Kan haadha tuqe
Maaf mana teetta ? Kan haalli dhume
Gurbaa manni eessa
Maddi isaa ateetee baaterraa yoo ta’u, ergaan faaruu jalqabaa, taateen baasaa kan dhageenyee
hin beekne galtee mee ni dhageettaa maaf mana teettaa jechuu yoo ta’u, kan lammaffaa immoo
kan ilma adabaa bahee haadharratti heeybii tana raawwate yookiin safuu cabse qe’een isaa eessa
jedhaati itti yaa’u. Maddi faaruu kanaa yemmuu dubartootni ateetee akkanaatiif bahan kan
jedhanii dha. Guyyaa ateeteen kun baherraa jaarsoleen naannoofi saddeenni ateetee bira
deemuun dhiltee-dhinnaa marga hoffoltii yookiin okfoltii walii kennan. Hiikni isaa gaafii isin
gaafannuuf nuu hayyamamaa ykn nu hoffolchaa jechuudha. Booda jaarsi dubbii maaltu akka
isaan baase gaafatu. Kana booda akaakuu galtee dubbii kanaa qorachuun ateetee baateef dhugaa
23

kennaniifii rakkoon gale woyyuu lamaan giddutti moo warra baalliin isaanii obboleessatti waliif
oolu ta’uu, adda baafatuun namich gocha kana raawwate cokuun yoo amane jilba yakkaa sanaa
muru. Ateeteenis hanga dhugaa jaarsonni irra gahaniif akkas jechuun faarfatti:
Ateete Baasoo baafannaa
Baasatu dhufee
Mandoon gaafannaa jedhu.

Kana jechuun gochi raawwatame kun hin jirreedhaa; maaf akka raawwatame hawaasa bal’aa
duudha kana beeku gaafannaa jechuun ibsatu. Asi irratti wanti beekkamuu qabu yemmuu
dubbiin akka guddeeddii woyyuu lamaan giddutti taasifame jaarsoliin worra dubbiin itti gale
kanaaf woyyuu ta’e, keessa taa’ee qorachuu hin danda’u. Sababni isaas hawaasa Oromoo biratti
icciitii waa’ee woyyuu kallattiin keessa taa’anii qorachuun, safuu waan ta’eefii dha. Kanaas
dubartootni faaruudhaan yemmuu ibsatan;
Aramaan worbe
Gurbaan salphichi
Haawotii Kolbe
Katamaa Shawaa, jalli suuqi’i
Kun aadaan bade, wal-hulluuqi’i
Ergaan isaa gurbich saalfii hin qabneefi hin beekne dubartoota baalli isaanii osoo addaan hin
baafanne, duudhaa hawaasaa gatuun akka feeteen deema jechuun gocha raawwatame
balaaleffatu. Yoo rakkoon ykn dubbiin uumame sun dirqamatti jaarsolii wayyutti oolaniif kan
barbaaddu ta’e kallattiin osoo hin taane dalga dubbii sanaa taa’anii, waan dubbiin sun bahuu
danda’uun, jaarsolii kallattiin dubbatanitti qajeeltoo kennu. Ateeteen baatus akkana jechuun
safuu eeggatu:
Ateetee, Silkii bobeessaa
Silaa dinqii odeessaa
Arsiin wal-keessaa
Ergaan faaruu ateetee kanaa, akka gocha keetiif dubartiin gosaa; kana caalaa baatee raajii kana
caalu kan sii gootu mandooyyuu, woyyuu battala tana guuteef rakkanne jechuudha. Akka seera
sirna gadaa Oromootti, yakkaan bahu akaakuu heddu kan qabu yoo ta’u akka hawaasa Oromoo
Arsii Kokkossaattis bifoota sadi qaba. Inni duraa yoo ilmi haadha ardaatti deebi’e yookiin
24

abbaan finnatti (intala ilmaatti) gale yakkaa osoo hin taane Haraamutu baha. Kana jechuun
woyyuu lamaan walirratti saal-qunnamtii raawwate bakka ummanni jirutti isaan lachuu uffata
badaa ykn dasee badduu uffachiisanii isa, balbalaan, ishii immoo bohoroo manaatiin namni isaan
lachiifuu obboleessatti ooluuftu uleen gara teessumaa tuttuqaa, mana korsiisuun akka isaan wal-
hin argine walbira dabarsuun, ishiin gara mana ishiitti galti. Ittiillee worri waaballeesse lamaan
irra ciisanii bulanillee dadhiin miicuun irraa baasuu malee yakkaa waan akkanaa hin nyaatan
jechuu dha.

Akkasumas; yoo akka duriillee uffata badaa san uffachiisanii mana korsiisuu baatanillee, fiixaa
marraage ykn sirritti baafte fi mi’ooftuu qabatanii isaan lachuu laga malkaa fidanii dura Daadhii
marraageen, itti aansuun daadhii mi’ooftuun, fuula isaanii dhiqan. Ateeteen baatellee faaruun
akka asii gadii kanatti balaaleffatu.
1ffaa Kurree madaalaa 2ffaa faanoon saddeetii
Gurbaan magaalaa faantuun tun teetii
Woyyutti haraamaa jirtii abbeetii ?
Qabaa sakaalaa
Maddisaa ateetee baate yoo ta’u, ergaan faaruu isa duraa, gurbaan magaalli sun aadaafi safuu
cabsuun hin jirree hojjataa karaatti deebi’ee adaba akka horatu taasisaa, jechuu yoo ta’u faaruun
inni itti aanu ammo aad- malee kana situ baase yookiin raawwate malee waan akkanaa duri
abbee qabaa ?/ beekaa? Jettee ateeteen baate faaruun gaafatte. Akka manguddoon kun jedhanitti
badii kanatti worri lachuu yoo lammaffaa itti deebi’an ammallee uffata badaa itti uffisanii isaafi
ishii kallatti wal-milissanii gabaa marsiisu. Haaluma walfakkaatuun yoo lammaffaa irratti
raawwachuufuuf kadhatee osoo ishiin diddu daadaye, seera ambaatti akka raawwatetti ilaaluun
yakkaa fixata. Haala kanaas ateeteen faaruudhaan yoo ibsitu
Halkaniin baatee, maaf lolee dhaqxe
Kabajaa dhabdee, maaf woyyuu qabde
Iditeen tantee, maaf hiloo dhabde

4.1.3. Qeeqa Gudeeddii Obboleessaa

Gosti lammaffaan faaruu ateetee goraa, gudeeddii obbooleewwan ardaa yookiin gosaa giddutti
taasifamee wajjiin walqabata. Warri obbolayyutti waliif oolan (woyyuu hin taane) fedhii malee
25

dirqiin gudeeddii ykn saal-qunnamtii irratti raawwate seera kalee mura seera Gadaatiin adabama.
Dubartii takka gaafa heerumaan mana haadhaatii siinqee qabattee baaterraa gosa itti heerumte
sanaaf Bantittii jedhamtee moggaasa argatti. Akka aadaa hawaasa Oromootti waa’ee seera
bantittii yoo tarreessan akkana jedhu, Bantittiin tan bitaa teette, tan bitoo godhatte, tan ganyaa
adii, tan guyyaa adii, tan mataa biinxaa, tan nafa biifaa, tan eboo baxxittii, tan raada baffittii, tan
gaadii jilaa, tan ciicoo cidhaa, tan ittilleen daataa qabdu, tan golaa hobbaatii qadu, tan gooransuu
curga qabdu, tan golantaa furrii qabdu, tan hanfalaa mul’ii qabdu, tan qanafaa addaa qabduu fi
kkf osoo qabaattu, namni ishiirratti gudeeddii raawwate adabbii cimatu irratti fudhatama.
Ateeteenis faarudhaan akkana jechuun dhaadatti;
Ji’a goobanaa
An guyyaa har’aa
Jila Booranaati
Goraa hidda baalaa
Ishii kophaa seetaa
Gurbaa tuqe gaalaan
Kana jechuun bantittii seerri gadaa ulfeesse, ishii qofa seetee humnaan itti deemtee rakkoo
keessa seente? jedhanii birmadummaaf falmatu. Murtiin nama balleessaa akkanaa raawwaterratti
fudhatamu akka seera Gadaatti loon shan. Kun murtii cimaafi ulfaataa yoo ta’u, yoo gurbaan
badii kana raawwate akkuma jaarsi dubbii fudhateen yoo dafee amanee gosaafi dubartiillee daloo
naa loosii kadhate daloon, jibichatti dhumti. Yoo dafee amanuu didee ishiin ateetee baafattee
dubbiin finiinte ateeteen baatees faaruudhaan akkas jetti:
Ee gaara gorxee
Qajeeluu diddee
Abaarsa soqxee
Silaa si ciraa
Gosaaf si hilaa
Ergaan isaa, eega dubbiin galtee akka laafotti fixadhu jaarsi jennaan diddee ? erga abaarsa
soxxee osoo akka gocha keetii si abaaraa abaarsi kun gosa bal’aa gaha jedhee rakkadhee qajeeli
yaada jedhu of keessaa qaba. Kana booda jaarsi dubbi cimsee qabuun yoo amansiise, siinqee
(ganyaa baheef) qalee dubartii rakkoo irratti raawwate san kuulee, sa’a dhaltii waatii wajjiin
oofattee galti
26

Suuraa 2. yeroo bantittii namaarrtti gocha badaa /gudeeddii raawwatee, woyaan kuulee, araarfatu

Abbaan manaallee, mana isaatti yoo ishiin kabajjamtee ulfinaa argattee dhaga’e daadhii buufatee
jaarsa dubbii sanaafi ateetee milkooftee galtee sanii affeerraa taasisa. Ateeteen yaatees
gammaddee akkana jettee eebbifti.
Dur uumaa xabboo
Dureessi rabbi
Qabaataa kiyya
Duroomi abboo
Ergaan isaa, waan bahaniif san milkaa’uu isaanii kan ibsu yoo ta’u, eebbi kun nama dhugaa tana
baaseef kan jedhamuu dha. Hiikni isaas durummaan kan rabbiiti. Qabeenya rabbiin siif kenne
keessaa nu gammachiiftee ammallee hori, badhaadhi. Jechuun bakka waan bahee sanii eebbaan
isallee gammachiisu.

Seera kana keessatti wanti beekkamuu qabu gosti yookiin ardaan dubartii yakki irratti
raawwatamee dhugaa argatte saniin gosti abbaa yakkee sa’a dhaltii kenne san naa booji’i jedhee
yoo gaafate, ni loosaniif. Gama biraatiin immoo yoo namni balleessaa kana raawwatee dhugaa
baasuu didee dadhaban dubartii yakki irratti raawwatame sun jilba qabatti. Akkaataan qabannaa
27

raawwii jilba kanaatiis seera mataasaa qaba. Kunis ateeteen baateefi saddeetni dubartootaa
siinqee itti gonbiftee, hanfalaa hiikkattee daaraan dhooftee, ardaa yookiin gosa yakkamaa kanaa
keessaa namni shakkamaan kun qulqulludha jedhee itti amane keessaa dhawaata nama kudha
lama ta’u hanfalaa hiikkatte kana qabsiisuun, akkana jedhaa kakutti seena. ‘Dubartii tanatti,
dhamaa’ee hin beeku, jedhee hanfalaa san daaraawajjiin xuruuree yoo gocha kana raawwadhee
waakadhe rabbiin lafaa fi qabeenya kiyyaarraa nahaa xuruuru jedhee kakata.’’ Ateeteen dhugaa
dhabdees dallansuun akkana jettee faaruudhaan abaaraa galti.
Abaarsaa
Ateetee A. Laboobaan aadee B. Awwala koree, Kormi bookkise
Lubbuullee haftu Awwaalee galee, worra boochise
Namoomaa baate. Boottillee har’aa waa lamuu galtaa.
Maddisaa ateetee gorooftee baate yoo ta’u, ergaa isa duraa, abbaa gocha kana raawwate mil’uu fi
abaarsa keenyaan yoo lubbuunillee hafe, namummaan hawaasa keessatti fudhatama dhabuu isaa
ibsa. Haaluma wafakkaatuun, kan itti aanus abaarsa isa dhumaa, jireenya isaa keessatti ija
hawaasa keessa bahee deemuun akka hin qabneefi dubartii biratti qofa osoo hin taane hawaasa
naannichaa waliin hawaasumman jiraachuu akka hin dandeenyee kan itti murtaa’e ta’uu
agarsiisa.

4.1.4. Qeeqa Tumaa Woyyoomaa

Akaakuun faaruu ateetee goraa inni sadaffaan qeeqan tumaa woyyuutiin walqabata. Namni tokko
miira aarii keessa seenee osoo beekaniifi hin beekin dubartii woyyuu taate takkarratti tumaa yoo
raawwateedha. yakki kun kan uumamu yoo ilmi haadha deesse ykn haadha ardaa woyyuutti
ooluuf sana sababoota adda addaa irraa ka’uun tumaa irratti raawwateedha. Inni kun kallaattii
lamaan ilaallama. Kaallattiin duraa woyyuu abbaa fi haadhaa kan mana keessaafi woyyuu ardaa
ykn gosaa yoo jedhaman, karaa biraatiin ammo Kan ilma mana baheefi ukoo jedhameeti bakka
lamatti adda bahee ilaallama. Haalli baasii yakkaa dubbii kanaas addaaddummaa qaba. .
Fakkeenya komii balaaleffannaa tumaa woyyuu kana ateetee baafatte akkana jettee balaalleffatti.
Ateetee Iyya moo iyyaa
Haadhichoo, dhaanuun
Tiyya, moo biyya
28

Jechuun tumaa sana balaaleffatti. Ergaan isaa ‘’woyyuu tumuun anaan jalqabe moo aadaa
biyyaati’’ jettee ateeteen haala gaafachaa, rakkoorra gahe ibsatti
Akka manguddoon (dabalee3, C) jedhanitti ilmi mana hin bahin tokko yoo haadha ofii ykn
haadha ardaa takka tume ni yakka. Yakkaan isaallee lukoodhaan baati. Kana jechuun ilma
tumaa kana raawwate diriirii ciibsanii shanoo gosaa ykn balbala nama sanaa keessaa itti
lakkaa’anii ulee lafatti gad; waaqatti ol qabaa akkatti deebi’i, jedhaa waaqa kadhataa
dhukkubsanii tuman.

Ilma waan kana raawwatee gosti tumte sun dallansuu gosaa fi haadhaa san irraa baasuuf abbaan
mucaa horii isaa itti qaluun meexxichaafi moora itti godhan. Kanamalees dhiiga horii sanaatiin
dhiqu. Sababni isaas badduun sun gosaan irraa baatee, akka falatu taasisu. Moorrii fi meexxichi
sunis faluma isaatiif oola.
Ateeteenis gocha kana yoo komatte balaaleffattu faaruudhaan akkana jetti
A. Simbirree nakkee B. Araddaa gamaa, qote boorataan
Xabbottuu hin jirtuu Waan abbaa qabaa, jalatti moo’ataa,
Hin jirree arge. Tanaaf foolataa.
Ergaan faaruu kanaa, inni jalqabaa, haadha dhaanuun dur hin jirree dha. Waan dur hin argin,
dhagahin gocha faantuu argine kan jedhu yoo ta’u, inni B.jalaa ammoo bantittii abbaa qabdu
tumee seera cabsuun ateetee manaa baase dubbii ofittiin galee miidhaan irra gahe jechuudha.
Gama biraatiin namni tumaa kana raawwate ardaa bal’aa keessaa nama mana baheeru yoo yakki
dubbiin tun baatuun qalmaan. Gochi kun akkuma raawwateen dubartiin tumaan irra gahe sun
saddeeta dubartootaa bira deemtee himachuun saddeenni erga dubbii adda baafateen booda
badiin kan nama tumee kana yoo ta’e, ateeteen akka baatu murteessu.
Ateeteen baatees gocha irra gaheen walqabsiisanii akkana jechaati, faaruudhaan ibsataa baati.
A. Ee bitoo harkaa B. Tumtichi tumee, Ituu faaya Baalee
Walirraa hin hafnuu Hin oollee dhufe, situu ana waamee.
Ee bidaa har’aa
Bitoon namurtee
Maal jedhee oola
Bidaa na tuqxee.
29

Ergaan faaruun A, kan duraa arginee, dhageenyee hin beekne ykn baaddu galte dhagahee maal
himee irraa hafa. Anattuu baasa taate. Jechuu yoo ta’u, inni lammataa(B) immoo ofii keetii safuu
cabsitee, manaa ana waamtee waa ooleeree dhufe kan jedhu yoo ta’u, gochii badaan haadha
takkarratti haa raawwatamuu malee safuun cabe, akka kan hunda isaanitti ilaaluun isa karaarraa
maqe faaruu ateeteen gorsu, leenjisu. Qorannoma kana keessatti yoo gurbaan dafee dhugaa
baasuu didee rincice akkas jettee abaarti
Ateetee Baradaa qorraa
Sitti haabuutu
Bakakkaan worraa
Jechuun abaarti. Ergaan abaarsa kanaa karaa malee na tumtee karaa maleen sitti haagaltu. Ana
woyyooma kee na tuxee rabbiin ayyaana worra keetii hangaasuu sitti haabuusu. Yoo dubartiin
akkas jettee abaartee worri gurbaa dafee gurbicha maqoo taa’eenii aantee fi jaalalloo isaa hunda
itti soqee amansiisuun, waan inni amane san dhugaa ateeteen gahanii, erga dhugaa sana fudhatte
booda, jilba dhugaa sanaa itti naa naanna’i jettee ateeteen jaarsoleetti deebifti. Jaarsoleen kuniis
yakkaa kana bifa lamaan muru. Inni duraa, yakkaa akka seera sirna gadaatti Oromoon kalee
murtee fi yakkaa daloo naannootti, qooddee ilaaluun yaada kana jaarsoleen qabattee gara ateetee
dhaqxee, dhugaan seerri gadaa isinii mure horii shanii, akka badii isaa hin ilaalinaa nuuf jecha
yakkaa dalootti (naannootti) nuu galaa jedhanii gaafatan. Haala jaarsotaa fi akkaataa ardaan
gurbaa sun kabaja isaan cinaa dhaabbatan ilaaluun yakkaa naannootti galu. Hanga horiin dhufee
ijaan argituuf akkas jettee faaruu faarsiti.
Ateetee, Arsiin nu kolfaa
As fuudhi mirgoo
Kan maala gonfaa
Ergaan isaa- eega yakkaa horii shanii irraa na buufte mirgoo gonfa gahe ykn tokkicha maqaa
qabu naaf fuudhi ykn qali jechuudha Seerri yakkaan naannoo kun horii tokko waan ta’eef
battalumatti sa’a cimaa ykn dhankaaka fuudhanii ateetee afoo dhaabuun erga ilaaltee booda yoo
itti gammadde qalattee,
30

Suuraa 3. Yeroo ateeteen baate, dhugaa argattee horii qalameef foon qe’ee nama
waaballeesseetti nyaattu, qorataan kaafame.

dhiiga san kallachaa fi siinqeellee dibdee waaqaafi lafaattillee facaaftee, battalumatti foon
nyaattee moora mormaa isaaniifi siinqetti godhattee sirnicha yoo jajatte akkas jechaa eebbisu
Ateetee, Elemtuu silgaa
Elemaa mirgaa
Gaaraa kormi baroodee
Gurbaan atootee
Ergaan isaa ati dubaritiif qaltee aannan manatti, horiin dallaatti siif haa atootu(hori), gabbadhu,
jechaati gara mana dubartii ateetee baafateetti galanii achitiis dhangaa qophaa’e nyaatanii
dhuganii yoo ka’an gara mana isaaniitti galu.

4.1.5. Qeeqa Tumaa Deettuu Qanafaa

Inni arfaffaan akaakuu ateetee goraa faaruu ateetee tumaa deettuuti. Waa’ee faaruu ateetee tumaa
qanafaa ilaaluun dura maalummaa qanafaafi argama isaa ilaaluun barbaachisaa dha. Sammuu
namaa keessatti Gaafileen akka qanafaan maali? Jalqaba eessaa argame? Eessatti godhatama?
Maaliif fayyada?Maalirraa hojjatama ykn tolfama? Hamma yoomii godhatama? Fi kkf ka’uu
danda ’u. Qanafaan mallattoo dubartii deettee jiraachuu agarsiisuufi yeroo deette sana rifeensa
ishii hiikkattee bantii baafattee addarratti kan godhattuudha. Argamni isaa akka manguddoon 3fi4
31

(dabalee C) guyyaa 20/7/2011ti af-gaaffii qorataan taasiseen jedhanitti: “dur Bokkutu qanafaafi
kallacha qaphanoo waliin hidhataa ture. Adeemsa keessa bokkuun kun Qanafaa haadha manaa
isaatiif dabarsee Kallacha ofii keewwate,” jedhu. Achirraa eegalee qanafaanis kan dubartii ta’ee,
seerri isaas Bokkuudhaan tumame. Ateeteenis yoo dubbiin ykn gochi raawwatame sun fala
dhabe akka mammaaka ‘korbeessi abbaa cimaa qabu, eegee diida kaa’ee bulaa” san, isaanis
akkana jedhani ateeteen faarfatu:
Maaliif dhaananii
Haadha daa’imaa
Kun uumaa malee
Bokkuuti nuuf himaa
Ergaan isaa deettuu dhaanuun fokkuu waan ta’eef gochi gar-malee nurratti raawwatame kun
abbaa seera kanaa, bokkuu nuuf haa geettuu, jechuun sagalee faaruu isaaniitiin komii kana
dhageessifatu.
Dubbiin qanafaan galte yoo akka salphaan daloon dhumatte malee yoo dubbiin cimee Bokkuu
dhaqabde, dhugaa san keessaa Bokkuunillee ni qaba jedhu. Sababni isaas kalee isatu itti yabe
waan ta’eefii dha. Akka seera Gadaatti yoo dubbiin daloon dhumuu baattee Bokkuu dhaqabdee
yakkaan isaa murame Kormaafi Goromsatu Bokkuuf kennama. Sana booda deettuun waan
dhugaa ishii argatti jechuu dha. Faayidaan isaamallattoofi kabaja da’umsa ishii kan ibsuu dha.
Deettuun safuu qabdi. Ishin looniifi namallee hanga qanafaa san boqachiiftutti hin tumtu hin
arrabsitu. Hawaasa Oromoo biratti deettuun kabaja olaanaa qabdi. Akkuma ishiin woyyuu
qabeenyi ishiin itti fayyadamtullee safuu qaba.Yoo namni wal-lolee deettuun qanafaa qabdu
gidduu seennaan lolli sun ni dhaabbata. Kun qanafaan woyyamaa ta’uu agarsiisa. Asi irratti
wanti hubatamuu qabu, yoo dubartiin ulfaa mataa ishiitiin kaate bantii baqaffatti malee qanafaa
hin kaayattu /hin godhattu. Ni boqachiifti. Gama biraatiin qanafaan maalirraa tolfama? Gaafii
jedhuuf, Oromoon qanafaa mukuma argamerraa hin tolchu.Sababni isaas laallata qaba. Oromoon
Arsii akaakuu mukkeenii iddoo saditti qooduun (muka falaa, muka falfalaa fi muka qorsoomaa)
jechuun tajaajilaaf oolchaa ture. Mukkeen qorsoomaaf oolan keessaayyuu filamee kanneen akka
Garanbaa, Kaaroo, Anshaafi Gunaa irraa tolfama. Haaluma walfakkaatuun gaafii hamma
yoomiitti godhatama? Jedhuuf guyyaa wobaxaa dhiqattee qanafaa godhatterraa kaasee: ilma
dhiiraatiif hanga ji’a shanii, intalaaf immoo hanga ji’a afuriitti kaawachuu akka dandeettuu
32

manguddoon wa’ee seera kanaa beekaniifi saddeeta ta’an marii garee qorataan wajjiin guyyaa
15, 20fi 24/7/2011 2, 3 fi 4 (dabalee C)taasiseen ragaa bahu.
Deettuu qanafaa kallachaa qabdu yoo tumamte ykn abbaan manaa tume seera deettuuf kalee
tumameen adabama. Adabbiin ykn yakkaan baatuun Kitimaadhaan.Yoo deettuu tuman akkana
jechuun ateeteen balaaleff atti :
Dhaltii harma aananii
Dhaananii na yaamanii
Safuu ganamaa qabaa
Waa jedhee Dhabaa
Kana jechuun deetuun woyyooma uumamaafi seera Gadaatiin ganama naaf kenname santu
tuqamnaan manaa bahee waan aadaa tiyyaa naaf raawwadhaa jechuudha. Gama biraatiin nama
seera kana cabse yoo komattu faaruudhaan akkas jetti.
Dhaltoo harma aananii
Dhaltii tiyya dhaananii
Ana yaamani
Gurbaan subuqee
Qanafaa tuqe
Kana jechuun, gurbaan sabaalluqe deettuu harma aananiifi safuu qanafaallee hiluu dhabee
woyyoomni kiyya tuqamnaan an ateeteen manaa bahe jechuun ibsatan. Kana booda waan dhugaa
ishii jaarsiifi saddeenni dubartootaa walitti bahuun dhugaa ishii baasa. As irratti wanti
beekkamuu qabu deettuu takka yoo abbaan manaa qanafaan ishii jirtuu tume, bifa lamaan yakkaa
kana baafatti.Suuraa .Yeroo ateeteen tumaa qanafaaf baatee saddeenni dubbii abbaa manaatti
lamii lakkaayee itti ergata.
Bifti duraa dhaltii dagaaggaa bakka ateeteen baateefi jaarsi dubbii jirutti qalmaan yoo baatu, bifti
lammaffaan immoo, yoo abbaa manaa sanaaf garaa oolte Sa’a dhaltii kophaa ishiitti fudhattee
hanga lubbuun inni jirutti itti fayyadamti.
33

Suuraa 4. Yeroo abbaan manaa, sa’a dhaltiin deettuuf yakkaa baafatu qorataan kaafame.

Erga dhugaa ishii argattee gammaddee booda ardaafi abbaa dhugaa kana baasee yakkeefillee
akkana jechuun eebbisu
A. Eebba gosaa B. Eebba gurbaa
Ateetummaan,waan rabbi naaf uume Oromoo tiyya
Gosa tiyyaa, gaachena sii tuule. Badhaatuu biyyaa
Badhaadhi atii
Badhaadhaa kiyya
Ergaan ateetee eebba gosaa, ateeteen kennaa ganama naaf kenname san dhugaa siin argadhee,
gosa tiyya ulfina sii afe jechuu yoo ta’u, eebbi gurbaa dhugaa ateetee kennee immoo ulfina nuuf
gootee qabaataa kiyya qabaadhu ati, jechuun eebba kennaniif.

4.1.6. Qeeqa Tumaa Obboleessaa

Akaakuun faaruu ateetee goraa shanaffaan, tumaa dubartii kan obboleessaa ardaatiin ykn
gosaatiin walqabatuudha. Kunis namni tokko dubartii takka wajjiin waldhabaa turee yookiin
34

guyyama tokko keessatti gocha bade /qabeenya bade tokkorraa ka’uun miira aarii keessa seenee
dubartii gosaa ykn ardaa tan obboleetii taate takkarratti, tumaa yoo raawwateedha. Kun immoo
akka seera Oromoo Arsiitti, badii dubartiin sun raawwatte, abbaa manaa fi ardaan dhaqabanii
akka isiin gocha ykn jecha hamaa akkasii irraa of qusatu, gochuu malee dubartii abbaa manaa
qabdu takka tumuun nama yakkisiisa. Inni kun kallaattii lamaan ilaallama. Kaallattiin duraa.
Abbaan manaa, namicha gocha kana haadha manaa isaarratti raawwate ardaa fi gosa isaatti
dhaqee himatee, ardaan sun bahee dhugummaa dubbii tanaa erga qoratee booda dhugaa haati
manaa namichaa yoo qabaatte dhugaa kennaniifii, abbaa manaa ishiitiif jibicha dur seerri ambaa
mure san baasaniifii oofatee gala.

Kallatiin lammaffaan, namichi gocha hamaa kana raawwatee, dhugaa kana karaa salphaa ta’een
abbaan manaa ardaa fi gosti isaallee yakkaa jibichaa kana baasuu yoo dide, dubartiin tumaa kana
irratti raawwate ateetee itti baafatti. Ateeteen baatus faaruudhaan akkana jedhaa baati.
Wollagga biyyaa
Soqadhee dhufe
Woraana kiya
Ergaan keessoo isaa, eega tumaa narratti raawwattee, karaa daloo ardaa fi gosaatiin baafachuu
didde, woraana uumaa tiyyaa qabadhee sii dhufe. Kana booda jaarsi dubbii akka daloo duraanitti
osoo hin taane, akka seera ateetee baateetti dubbii jalqaba. Ateeteenis faaruudhaan akkana
jechuun dubbi cimsatti:
Ateetee, Araqee dhugee, loowwan too’ata
Akka waan dhabee, maaf na moo’ata
Kana jechuun yoo moo’achuu yookiin dhaanuu barbaade haadha manaa qabaa, anarraa maal
qabaa jechuun mirga ofiitiif falmatti. Namichi tumaa kana raawwate yoo jaarsa dubbii dheessee
ateeteen baate akkana jettee arrabsiti
A. Hora Shaallaa B. Buubaa leephisaa
Maaltu sii male ? Baabeellee dhibu
Dhawa faalla’aa. Ammaa leenjisaa
As naa deebisaa.
Ergaan faaruu A, dubbii jalaa bahuu hin dandeenye, akka waan sii malanii fakkeessanii sittuu,
malani ykn dubbii sittuu cimsanii kan jedhu yoo ta’u, faaruun B. jalaa immoo dubbiin isa baaftiif
35

osoo hin taane soba riphee, akka hirriba dhawaa bakakkaan hin kaasuu sanii malaan as galchaa,
anuu nan amansiisaa jechuun tooftaa waan dhokate tokko ifa ittiin baasanii dha. Kana malees
yoo namichi gara dubbiitti deebi’ee dhugaa baasuu didee waakkateefi dhawa dubbi tana keessaa
harka qabaate, ateeteen faaruun akka armaan gadii kana jechuun akka inni dafee amanu xiin-
sammuu isaanii keessatti akka waa itti dhagahaman gooti.
Garbuun gogeessaa
Gurbaan dabeessaa
Funyaan dheerataa
Dubbii dheedhataa
Abbaan dhaheessaa
Qabaa, jabeessaa
Ergaan faaruu kanaa bal’aadha. Kunis yemmuu hiikkamu, gurbaan gowwaadha, akka nama
dubbii jalaa bahuu harkaan ofi arrabsiisa. Malli abbaallee kan isa baasuu mitii, isaan beekanii hin
amananii jaarsonni dubbii qabaa tolchaa. Jedhanii akka dubbiin karaa salphaafi malaan dhumattu
faaruu xiiqessaa kanaan sammuu isaanii madeessu. Haaluma wal fakkaatuun jaarsota dubbii
tana dubbatan keessatti rakkoon dabaa yookiin dubbii irra taa’uun itti argamee ateeteen
beekkatte, faaruudhaan akkana jettiin:
Ateetee,A. Beebee Abbakkee B. Mirgi wal-qixaa
Gumaa woyiitii Dandeettu fixi
Fixuu dadhabdee Dadhabdu dhiisi
Beekaa natti dabdee. An Bokkuuf lixaa
Hiikni faaruu ateetee duraa(A), dubbataan atiin gumaa guddoo fixxu tuni si dhibdeetii miti, daba
dubbiiti malee dhaba dhuaagaatii miti. Jechuun yoo qeeqxu, faaruun inni lammaffaa(B) immoo
aarii fi kutannoon kan guuttame ta’ee, jaarsi nu lachiiyyuu ulee waaqaati ! yoo dubbiin kan
dhumtuu fixi. Dadhabdu, abbaa seera naa tumeef lixaa hoffoltii naa kenni! Jechuun
akeekkachiisa fakkeessanii, faaruu safuu eeggateen gaafatu.

Erga dubbiin gama hundaanuu finiine dubbataas harka keessaa sassaabachuun namicha tumaa
kana raawwate cimsanii qabuun dhugaa ishii baasaniifii horii qalamaa yookiin yakkaa, wirtuu
jaarsaa fi ateeteetti fidan. Yoo horiin jilba hanqate, diddee faaruudhaan akkas jetti:
36

Laga sheedamaa
Hin nyaadhu hoolaa
Akka jeedalaa
As fuudhi mirgoo
Irraatti qeexalaa
Hin nyaadhu ilmoo
Hin beeku dilgoo
An jeedalaa miti
Jeedalaa fidi
Horii jilba naaf hin guunne, kan haga hoolaa hin qaladhu.Yoo naa qalte mirgoo as fidi, itti
suunsumee si eebbisaa. Kanarraatti hanqina kee sii hin beeku. huqqaan kun yoo jeedalaaf ta’e
malee ulfina koof hin ta’u. Jechuun hanga jilba guutanitti balaaleffatti. Kana booda sa’a cimaa
jaarsotaa fi ateeteellee gammachiisu fidanii erga laallatee itti gammadde qalatti.

Suuraa 5. Yemmuu yakkaan tumaa obboleessaa qalmaan ateeteef baatu, qorataan kaafame.

Ateeteenis gammachuun akkana jettee gosa dhugaa argeefi namicha yakkaa horii cimaan baaseef
ateetee gurmuu walii taate akkana jettee eebbifti.
A. Eebba gosaa B. Eebba namichaa
Balaqa sangee kan rabbi kurfeesse Gadabii gala oduu naodeeffadhu
Gosa tiyya kan rabbiin ulfeesse Eebba sii kennaa woyyaa as korbeeffadhu
Yoo galaa siinqee gaaddisa fakkeesse Gomboo nuu hiitee, moonaan tee jiite
Dalla saayyaa gomboo, horaa abboo
37

Ergaan eebba gosaa(A) kabajaa gosa tiyyaatiin dhuagaan naa baatee an ulfaadhee siinqee tiyya
meexxichaan gabbiftee, gabbadhu. Jechuu yoo ta’u, eebbi namicha dhugaa baasee horii
qaleen(B) immoo dagaaggaa naa qaltee dagaaggi, moonaan gabbadhu, hori. Jettee eebbaan
badhaafte.

A. Eebba ateeteen, waliif gootu B. Rabbiin dhiifama gaafachuu


Ateetee tiyya baga loote Ee raada targi
Siinqee golantaa gosaa gootee Aaree, abaaree
Tibbooftee, milkoofte. An araarame
Naa dhiisi rabbi.
Eebbi kun gurmii/ tokkummaa isaanii cimsuuf kan ooluudha. Ergaan isaas gocha nurraa gahe
hundaafi siinqee tiyyallee gosattiin galee gosaan ulfaadhee, gaachenaa’ee gale. Jechuu yoo ta’u,
dhiifamni rabbii ammoo gocha narra gaheen dubbi na dhiibachuu isaatiin, miira aarii keessa
seenee afaan bahee anillee dhiisee, naa dhiisi rabbi. Jechuun araaroo kadhatan.

4.1.7. Qeeqa Arraba Dubartootaa

Akaakuun faaruu ateetee goraa keessaa kan jechaan walqabatu arrabsoo dubartootaati. Sababni
ka’umsa arrabsoo kanaas haala waliin jireenya hawaasummaa keessatti mudannoowwan guyyaa
guyyaan ilma namaa qunnaman hedduudha. Isaan keessaa muraasni hinaaffaa jaalalaan, jibbaan,
daangaa waliinii qabaachuun, nyaataafi dhugaatii keessatti, waliin deemuurratti, qananii ykn
quufa keessatti, gurmaa’anii hojjachuu keessatti, daldala keessatti, sirna fuudhaafi heerumaa
keessattifi hiriyyummaan waliin turuu keessatti ilmi namaa waan heddu raawwata. Raawwii kana
keessaa tokko jecha safuu arrabaan cabsaniidha. Arrabsoo kanaas, gaafiifi deebii qorataan
jaarsoleefi haawwolee waliin taasisee irratti hundaa’uun akkaataa raawwii isaatiin iddoo saditti
qooduun akka asii gadii kanatti ibseera. Isaanis arrabsoo woyyuu, arrabsoo obboleewwan ardaa
yookiin gosaafi arrabsoo manaa ykn maatiin walqabataniidha.

4.1.7.1. Qeeqa Arrabsoo Woyyuu

Akkuma gubbatti ibsamuuf yaalametti waliin jireenya hawaasummaa keessatti namni tokko
baalli waliinii ykn waan itti waliif oolu osoo hin beekne yookiin immoo gocha ta’e woyi irraa,
38

miira aarii keessa galee jecha hamaa jedhuunii yookiin arraabsuu danda’a. Dubartiin arrabamte
tun, wolda saddeeta dubartootaa bira deemtee erga himattee saddeenni dubartootaa akka ateetee
baafattu yoo murteesse haati arrabsoon irratti raawwatame qophii barbaachisu xumurtee ateetee
baafatti. Ateeteen baatees, faaruudhaan akkana jechaa yaati:
A. Hora shaalla’aa B. Citaa, laganaa haamaa
Dhagahee hin beekuu Ogeessatu haamaa
Tuni faalla’aa. Dubbiin tuni baasaa
Wogeessatu baasa.
Maddisaa ateetee baate ta’ee, ergaan faaruu duraa, woyyuu arrabsuun dur hin jirreedha. Argee,
dhagahees hin beeku, faantutu dhalate kan jedhan yoo ta’u, faaruun lammaffaa, dubbii galtee
akkanaa, akka arganiifi abbaan arge hin dubbatu.Ogeessa dubbii yookiin cimeessa badduu
baasutu beekee baasa. Jechuun sagalee dhageesisaa qe’ee gurbaatti qubatu. Kana booda jaarsi
naannoo dubbitti bahuun ateetee waan isaan baase erga gaafatanii nama arrabse kana coku.

Suura 6.Yemmuu jaarsi dubbii nama arrabsoo kana raawwaateefi ateetee wal-cinaa kaa’ee coku,
gargaaraa kaameraatiin kaafame.
Yoo arraba badaa afaan saalaatiin walqabatu arrabseera ta’e, ateeteenis faaruudhaan akkanatti
ibsatti Utubaan manaa ol qajeela
Akkamiin woyyuu si kajeela
Dabbasaa xuxee ol hiitee
Jechaan nu mite.
39

Billiqqee biloo
An, ganyaan gosaa
Maaf dhabe hiloo.
Ergaan isaa akkamiin uggitee, woyyuu afaan saal-qunnamtiitiin arrabsita ? Dabbasaan guddaa
fakkaachaa, afaan qaanii dubbatta. An bantittiin gosaa kabaja maaf sirraa dhabe. Jechuun arraba
kana balaaleffatu. Haaluma wafakkaatuun yoo dubbataan dubbitti ka’ee namichi arrabse kun
miliqe, ammas faaruudhaan ateeteen akkana jettiin
Arroon ameessaa
Gurbaan dabeessaa
Abbaan dhaheessaa
Ijaan nu dheessaa
Akka waan bineensa
Qabaa dhiheessaa
Ergaan isaa, harkaan yoo qabdanii dhiheessitan malee gurbaan gowwaa, beekee hin fixatu,
abbaanis maleessa, gurbichallee miliqsuu dnada’a, ijaan nurraa gora akka waan bineensa taanee,
dubbii qabaa tolchaa. Jechuun jaarsaafi ardatti faaruun ateeteen dhaamatti.
Dubbataafi hawaasni naannoo gurbaa dhabame san barbaadanii dubbitti galchanii dhugaa tana
baasuu didee yoo waakkate, ateeteen faaruudhaan akkana jettee abaarti
Orfoo ollaatti, an hin raafadhu
Qe’ee woyyuutti, ati saalfadhu
Gurbaa morma qonxolaa
Nyaate Hobolaan
Hiikni an woyyuun dhugaa dhabee si biratti saalfadhe, qe’ee woyyuutti ati saalfadhu, bada
murquu si nyaate hobolaan. Jechuun abaarti. Kana booda hirmaannaafi kutannoo jaarsotaa,
hawaasa naanootiifi soda abaarsaatiif jecha dhugaa yoo baase, jaarsi jilba isiin baatuun naanna’a.
kunis namni jechaan hirmii tuqe ni yakka. Yakki kun haadha ilma ykn haadha nama sana deessee
fi haadha gosaallee yoo ta’e tokkuma. Seerri arrabni kun bahuun immoo, haadha arrabse sanii
daadhii dammaa tan hadhoofte hanbuuqee, si’a sadi ofirraa tufee baasa. Deebi’ee, daadhii
mi’ooftuu unee afaanii fi mataa dhungata. Ateetee baateef horii sa’aatu qalama.
40

Haati arrabamte sun, dhiiga horii sanii hin qabattu. Akkasumas foon horii saniille hin nyaattu.
Kana booda horii qalame kanatti yoo gammadde, gosaa fi abbaa dhugaa baasee qaleef eebbaan
akkana jechaa:
Handariin dhaltee goda keessatti
Bulii ititii gosa keessatti
Worri loowwan qabu
Eebba loonii, hin dhabu
Gabbataa nuu qalee
Gabbadhu ammallee
Daraaraan kan dammaa
Daraari ammaa amma.
Ergaan isaa, gosti si haa baattu, loowwan qabdaaf dagaaggaa nuu qaltee horiin moonaan tee haa
guuttu, hormaanni sirraa hin citin. Jechaa faaruudhaan tibbaa’anii gara mana haadha ateetee
baafatteetti qajeelu.

4.1.7.2. Qeeqa Arrabsoo Obboleessaa

Akaakuun faaruu ateetee gora arrabsoo obboleessaa kun kan uumamu waliin jireenya yeroo
dheeraa hinaafaa jaalalaa tokko tokkorratti qabaachuufi daangaa waliin qabachuun gidduu
isaanitti waliigalteen dhabamuu kana malees quufa (nyaataafi dhugaatii) guyyaa tokkoo keessatti
namoonni dubartii abbaa manaa qabdu, woraansa jechaatiin ykn immo kallatiin arrabsoo irratti
raawwata. Arrabso kana yoo obsuu baattee ykn namni kun irra deddeebiin kan jeequ yoo ta’e
abbaa manaa isiitti himatti. Abbaan manaa kunis ardaafi gosa worra nama kanaa, dhaqee himata.
Kana booda jaarsi ardaa bahee nama balleessaa kana raawwate, cokanii gabaabinaan yoo
arrabsuu amane jaarsi yakkaan eessa geettii laallata. Yakkaan obboleessi obboleettii ardaa
yookiin gosaa arrabsoo irratti raawwate eega abbaa manaarratti amanee jibichaan baafatee
dubbiin salaamatatti dhumti.Yoo amanuu baatee garuu jaarsi dubbii dubartiin arrabamte sun,
ateetee akka baafattu murteessuu. Arrabniis maqa-balleessaa saal-qunnamtii wajjiin kan wal-
qabatu yoo ta’ee inni kadhannaan ishiin diddee akka fakkeenyaatti akkana jedhee yoo arrabse,
“wanti diddeef adaa hin kitaanamaneeyyuu” jedheen, yeroo sanatti dubarri kitaanamuu dhabuun
41

aadaa hawaasa kokkossaa biratti salphina waan ta’eef, aartee ateetee baafattee, akkana jechuun
arrabsoo kana balaaleffatti.
Hoogisoo qixxeen
Millaaciin dinnaan
Billaa naa fiddee
Ergaan isaa akka haadduu worra kiyaa sodaadhee, dhaqna qabaan akka jiru arginaan billaa kee
naa fiddee ? Adeemsi kun kadhatee dhabnaan arrabsoo hamilee ishii tuquun malee qunnamtii
saalaa irratti hin raawwanne. Haat’u malee jechuma afaaniin ishii tuqe sana balaaleffachuun itti
deddeebitee faaruu ateeteen akkas jetti
Sangaan gaafa baajessee
Gurbaan maraannaan
Ana dhaadhessee
Abboo salphadhuu
Saree hanqadhu
Ergaan isaa, gurbaan sammuun tuqamee, waan an hin qabneen na himee maqaa naa balleessee,
abboo akka sareetti bushaayi, jibbami. Jechuudhaan abaaru.
Gochoonni lamaan olii kun kadhaa afaanii fi tuqa arraba saalfii ishii mlee gudeeddii qaamaan
waan hin raawwaneef akka seera sirna ateetee Oromoo Arsii Kokkossaatti jaarsi bifa haara’aan
bahee, dubbii qorata. Namichi ateetee baaterrattis yoo waakkate jilbatu qabatama. Ateeteen
baatees akkas jetti: Waakkataan jilbaa
Kakadhaa jenne
Amannaan dhibbaa
Dhibba naa kenna
Ergaan faaruu kanaa, yoo waakkatte jilba naa kenni, amantu waan seera kiyyaa naa guuti.
Jechuun gaafatti. As irratti wanti hubatamuu qabu, dhibba naa kenniin waan seera sanaa guutuu
taasisi jechuudh. Gabaabumatti amantu yakki, waakkattu, kakadhu. Jechuudha. Jilba kana, kan
qabatu abbaa manaa dubartii arrabamteeti. Kan kasiisu garuu ishiidha. Seerri raawwii jilba
kanaa, gosa namicha arrabsee keessaa, dhawaata nama kudha lamaatu kakuuf qophaa’a. Kana
booda dubartiin arrabamte sun hanfalaa hiikkattee, daaraan dhooftee, yakkamaan sun hanfalaa
san xuruuraa yoo arrabsee jiraadhe waaqni hanfalaa kana uume lafa tanarraa nahaa xuruuru, yoo
42

dubbadhee waakkadhe hanfalaa kiyyatti haa galtu, hin arrabsine jedhee dhawaata waliin kakata.
Dubartiinis aariidhaan akkana jettee abaarti:

Kombortaa bitee
Uggaa jalammee
Gurree yaabbatee
Magaalaaf lixe.
Ergaan isaa, uffata qorraa bitatee saree maqaan isaa Uggaa jedhamu masakkee, kan maqqan isaa
Gurree jedhamu yaabbatee magaalaaf lixe. Faaruun kun ergaa lama dabarsa. Inni duraa safuu
uumaa eeguu dhabuun salphataa ta’uu. Inni lammaffaan; erga dubbiin galee ateetee fi jaarsa jalaa
miliquun salphina dabalataati. Jechuun arraba xiin-sammuun isaa akka miidhamu taasisu kanaafi
kkf arrabsaa gara mana ishiitti galti.

Haata’uu malee yoo namichi amane dubbataan sadarkaa yakkaa jilba itti godhee, namichi
balleessaa kana raawwate sun dubartii himatte tanaa horii sa’aa cimaa qalee, Uffata uwwisuun
jaarsi dubbii araaratti fixee, ateeteen baate sun yakkaa sanatti (horii qalameefi uwwisatti) yoo
gammadde akkas jechuun eebbifti. An hirphoo waaqaa qabaa
Jedhee maal dhabaa
Eebbi sii hafaa
Sardoo sii afaa
Ateeteen kabaja rabbi qabdii, rabbiin kadhattee waa dhabdii ? Jechuun, gammachuu galata
waaqaa galchaa, ulfina namicharraa argatteef, eebbaan sardoo jiidhaa sii afee jiidhi, ulfaadhu.
Jechuun, eebbisaa dubartii himattee dhugaa argate san kabajaan gara manaa ishii geessanii
dhangaa achitti qophaa’ee nyaatanii gammachuun gara mana isaanitti galu.

4.1.7.3. Qeeqa Arraba Manaa

Akaakuun faaruu ateetee goraa kun, maatii mana tokkoo keessatti haadha manaatiifi abbaa
manaa giddutti kan raawwatamuudha. Kunis carraaqii jireenya isaanii fooyyessuuf taasisan
keessatti, miidhama ykn kunuunsa qabeenya waliinii irratti, nyaataafi dhugaati irratti akkasumas
hinaaffaa jaalalaa irraan kan ka’e tumaa fi jechaan wal-miidhuun manaa gara manaatti darbee
darbee ni mul’ata. Gochi akkanaa doggoggora walii beekanii obsaan mana keessatti fixachutu
43

baay’ata. Haata’uu malee taateen akkanaa kun si’a hedduuf yoo deddeebi’ee dubartoota miidhu
obsa fixachiisuun, abbaa manaa amala akanaa qaburratti tarkaanfii seera isaanii fudhachuuf
murteessiti. Seera kana fudhachuun dura dubartiin tun hanqina alaa gama ishiitiin mul’atuu fi
naamusa adda addaa irra wolaba taatee argamuu qabdi. Sababni isaas gahee hojiitiin, amalaan,
amanamuummaa gama hundaan qabdu, hawaasummaa qabaachuun, mirga hawaasa naannoofi
abbaa manaa tan eegduu yoo taate, ateetee baafachuu mirga guutuu qabdi.

abbaan mana miira aarii keessa galee akkuma salphatti jecha tokkoon arrabsoo salphaa fakkaatee
keessi isaa safuu cabsu yoo ta’ee itti mul’ate, dura saddeeta dubartootaatti dhaqxee himatti.
Saddeennis maalummaa arraba erga xiinxallee booda ateetee akka baafattu murteessa. Jecchi
kunis akka fakkeenyaatti dubbi tokko itti himee, tasa yoo ishiin dhagahuu baatte akkas jedheen.
‘’Sitti himee, sitti himimsaaree ?” jedheen. Maqaa kana, maqaa maxaanaa fardaatiin himan
naan hime. Ana maxaanaa fardaatiin wal-fakkeessee na arrabse yaada jedhuun ateeteen baatees
akkana jechuun, balaalefatu Marraagaa dammaa
Eessaa naa fuute ?
Marraassaa Fardaa .
Ergaan isaa, kan himimsu farda malee namnaa miti. Fardi beenladaa, an namaa, moggaasa hin
jirree maal irraa naa argite ? jechuun ofirra balaaleffatu. Maqaa karaa malee yookiin waan hin
malleen dubartii takka yookiin haadha manaa takka arrabsuun akka dubartoota hunda maqaa
(hamilee) isaanii mana isaaniitti tuqameetti ilaallama. Bifuma walfakkaatuun abbaan manaa
tokko hinaaffaa jaalalaa irraa ka’uun haadha manaa takka ala ilaalti jedhee, shakkee akkas jedhee
yoo arrabse: “ajeessaa si macheessu kana, sirraa muraa” jedheen, ateeteen akkas jechuun
arrabsoo kana balaaleffatti. Garbuu qaqeessaa
Haamtuu fudhadhuu
Ittiin koottadhu
Muri ajeessaa
Ergaan isaa, maqaa manatti dhoksaan na salphiste yaa’a keessatti dhaqna koo murtaa, sibiilaan
koottadhu! jechuudha. Kanaan dura akka aadaa ummata Oromoo arsii kokkossaatti, dubri takka
dhaqnaan heerumuun akka salphinaatti waan ilaalamaa tureef, maqa-balleessaan sun dubartii
mana jirtu hundatti akka waan gurri murameetti waan ilaallamuuf ateeteen, balaalefachuun
himatti. Kana booda saddeenni gama lachuu bahee abbaan manaa kun akka yakkuuf murteessan.
44

Abbaan manaallee amanee horii sa’aa kan ateeteefi gosallee gammachiisu qaleefii moora horii
kanaa mormatti, meexxicha siinqeetti, godhattee foon nyaattee akkas jechaa, gosaa fi abbaa
manaallee eebbisti

A. Eebba gosaa B. Eebba, abbaa manaa


Bishaan burqaa qabballee Dureessa moonaa aseenee
Gosa tiyyaaf gammannee Buluu kajeelee
Horaa jennaa, ammallee Dureessa moonaa shibbibbaa
Ootaan si dhiqaa
Siinqee tiyya jiituu
Alaa, moonaan, sii haa jiitu.
Ergaan eebba duraa(A), maqaa gosaatiin mirga dahee gammadee, kan duraa caalaa moonaan
teessan dacha haa guuttamtu. Kan jedhu yoo ta’u, eebbi itti aanu(B)n, qe’ee qabaataa dhaqee
qalbiin buli naan jette. Kan duraa moonaan sii bal’attee siinqee tiyya jiifte, anillee ootaan si
falaa, sii bal’isa. jechuun eebbisaa ateetee yaate nyaachisanii ulfinaan gara mana isaanii
geegessu.

4.2. Meeshaalee Aadaa Sirna Faaruu Ateetee Goraa

Meeshaalee aadaa kun, ilmi namaa takinooloojii ammayyaatiin fayyadamuu otoo hin jalqabin
dura ogummaa ummata bira yeroo dheeraaf tureedha. Meeshaaleen aadaa sirna ateetee kun
bakka adda addaatti dhimmoota garagaraatiif ooluu danda’u. Kunis haala jiruufi jireenya
hawaasa sanaatiin walqabatee dhimmoota akka gaddaa, gammachuu, yeroo falaa, yeroo goraa
yeroo sirni amantiifi eenyummaa hawaasaa ittiin ibsatuuf garagaara. Meeshaaleen aadaa kun kan
miidhaginaafi meeshaa sirni aadaa hawaasa tokkoo ittiin kabajamus ta’uu danda’a. Imaanaa
(2007:49) qorannoo isaa keessatti “meeshaaleen aadaa kan akka sabaree, jaaloo, okolee,
guchuma, gonofaa fi qoriin meeshaalee aadaa nyaataafi dhugaatii sirna ateetee waliin
walqabatanidha” jechuun ibsaniiru. Kana malees meeshaaleen kunniin midhaaginaaf bakka adda
addatti( mataatti, gurratti, moramatti, harkaatti, mudhiifi lukatti) godhatu. Yenee’alam Araddoo
(2001)
45

Isaanis kan mataatti godhatamu, guftaa, shaashii, lootuu, forora, kan kallachatti godhatamu:
qanafaa, sandaabafi callee adda jaleedha. Meeshaalee faaya mormaa: hadhooftuu/qalxata,
jomoree, callee faaximee/jaarii, hadhooftuu, tasbee, darbata, meeshaalee aadaa kan gurratti
godhatamu: billiqqee, qarrisaa/qashoo, maaldaya meeshaalee aadaa kan irreetti godhatamu,
woccaasaa yoo ta’u, kan harkatti godhatamu, bitoo, callee harkaa, laakkaa, naashaa, qubee
qubaa, siinqee fa’adha. Kan mudhitti hidhatamu hanfalaa jedhama. Kan lukatti godhatamu:
qubeellaa/qubee lukaafi micciirroon kan godhatamuudha.

Meeshaaleen aadaa ummanni Oromoo sirna faaruu ateetee goraa keessatti dhimma itti bahu
bakka gara bakkaatti addaa addummaa qabaachuu danda’a. sababni isaas, bal’ina Oromiyaa irraa
kan ka’e, haalli sirni faaruu ateetee goraa itti gaggeesamuu fi meeshaaleen sirna kana keessatti
itti gargaaraman, garaagarummaa qabaachuu danda’a. Haaluma kanaan, akka Oromoo Arsii
Kokkossaatti, meeshaaleen aadaa sirna faaruu ateetee goraa kana keessatti tajaajila irra oolan
heddu yoo ta’an muraasa isaanii akka armaan gadii kanatti ibsamaniiru.

4.2.1. Siinqee

Addunyaa kanaaf aadaa dimokiraasii kan beeksise sirna Gadaa ummanni Oromoo ittiin bulaa
ture, mirga namoomaa fi siyaasaa daangaa hin qabne gonfachiisuu bira darbee, walqixxummaa
saalaa mirkaneessuurrattiis mudaa akka hin qabne seenaan ragaadha. Sirni dimokiraasii
addunyaaf angafa ta’e kun, walqixxummaa dubartootaa dhugoomsuuf seera tumateen mirga
dubartootaa kabachiisuun sirna milkaa’e ta’uusaa hambaan aadaa seera siinqee gosa Oromoo
Arsii Kokkossaa keessatti mul’atu, dhugaa baha. Argamni siinqee, uumama sirna gadaa wajjiin
3
walqabata. Kunis akka manguddoon (dabalee C) gaafiifi deebii guyyaa 20/7/2011 qorataa
wajjiin taasiseen yemmuu sirna Gadaa keessatti gahee angoo walii qoodan san, Bokkuuf
kallacha, Waataaf botooyyee, Dubartiif siinqeetu kenname jedhu. Maqaan siinqee inni ganamaa
akka manguddoon kun jedhanitti dubbee jedhamee beekkama. Turtii keessa maqaa siinqee jedhu
gonfatte. Ergasii kaasee, bara sirni gadaa sirna siyaasaa ambaatiin bakka buufamee, gosti
Oromoo harki caalu dagate kana, horteen Arsee: (Sikkoo fi Mandoo), seera siinqee hin ganne.
Seera siinqee keessatti angoon yeroo ammaa gurmuun dubartootaa qabu laafaa ta’uus, kabajaa fi
safeeffannaan dubartiin qabdu hin badne, “dubartiin woyyooma” yaada jedhuun ibsa.
46

Siiqeen meeshaa faaya dubartoota Oromoo kan dhimmoota ateetee gosa hundaa keessatti
dubrtootni akka gaachena dhiiraatti /woraanaatti harkatti qabachuun rakkoo uumame tokkoo fi
kadhannaa uumaasaanii ittiin geggeessanii dha. Sirna ateetee keessatti Siinqeen mallattoo aadaa
Dubartootni sirna ateetee sana ittiin raawwataniidha. Akka fakkeenyaatti sirna fuudhaa fi
heerumaa keessatti yemmuu dubri gurbaa jaalatetti aseennaa dhaqxu siinqee of-dura galchuun
(gara golaa darbachuun) akkana jetti “adda baana shifaa xabboo mana citaa, worra golaa na jalaa
goraa” jechuun gola seentee utubaa yoo qabattee, manaa hin baasan. Kana booda abbaa ishiin
filattee seenteef, haadha manaa taatee jiraatti.Wanti cubbuu qabu tokko yoo raawwatame
dubartootni gurmaa’uun seera siinqeetiin cubbuu namarraa baasu. Siiqeen akkuma ummanni
Oromoo iddoo garagaraa jiraatu wanti irraa tolfamuus gargar ta’uu danda’a. akka fakkeenyaatti
Oromoo Arsii Kokkossatti biratti ulee qal’oo sororoo ( qajeelaa) muka Anshaa, Garanbaa,
Woddeessaa ykn Harooressa jedhamurraa muranii tolfama. Mukkeen kunneen siinqeef kan
filatamaniif waalamaaf. Inni duraa muka falaati jedhamee waan itti amanamuufi inni lammataa
immoo keessattuu mukkeen Woddeessaafi Sororoon, qajeelumafi akka laayotti waan hin cabneef
filatamu. Hojjaan siinqee ykn dheerinna dubartii qabattu san akka gituutti muru.

Akka diimattee bareeddu, baaxii manaa jala bakka aara argattutti suuqu. Uleen siinqee karaa
lamaan intala heerumtu takkaaf qophaa’a. Tokkoffaa yeroo intalli heerumtu takka sadarkaa
dargaggummaa keessa seenuu ishii hubatamte. Lammaffaa haala dhaalmaa ta’een yeroo intalli
heerumtu kan kennamuudha. Ulee siinqee tana kan tolchu haadhaa fi abbaa qofa osoo hin taane,
obboleessa intala heerumtuu, eessuma (wasiila), abbeeraa,fi michuu(hiriyyaa)ishiitiin bocamee
kennamaaf. Siinqeen kabaja, saalfii, fi sodaatama guddaa qabdi. Siinqeen woraana falaati. Akka
ulee biroo siinqeen : horiin hin tikfatan ykn hin haleelan, sareen hin darbatan, bordoo hin
godhatan, siinqee cabsuun, dabsuun dhorkaadha. Nama adabsiisa. ittiin seerfatan (woyyuu fi
woyyamaaf) qabatan. Kanaaf dubartii siinqee qabatte ni sodaatan ,ni saalfatan, ni ulfeeffatan,
(Kabajjan). Akka fakkeenyaatti yoo dubartiin siinqee qabattee karaa irratti namatti dhufte
Maddaa margaan Of-koltii gaafatan malee, bira hin darban ykn hin qaxxaamuran, malkaa ishee
dura hin ce’an. Kana malees dubartiin rakkattee siinqeen kadhaaf baate waan of-harkaa qaban
hin dhoowwatan. Oromoo Arsii Kokkossaa biratti siinqeen baatee duwwaa (hoongee) hin galtu,
milkaa’uu qabdi jedhu.
47

Gaafa goraaf (komiif) bahan immoo, Siinqee fi waan mormiif ta’u harkatti qabatu. yeroo gara
manaa deebitu irreessa cirattee Siinqee waliin harkatti qabattee galti. Dubartoonni gocha raawwii
aadaa keessatti Siinqee haalaa fi raawwii aadaa san waliin dhimma itti bahu. Fakkeenyaaf, yeroo
qanafaaf baatu Siinqee waliin xuuxxoo, shaxxee, kornyee fi Irreessa harkatti qabatu. guyyaa
mormii Siinqee harka bitaatti qabatanii waan mormaan harka mirgaatti qabatu.Siinqeen faayidaa
hedduu qabdi.Waldhabbiin gosa yookiin hawaasa giddutti yoo waaranni ka’ee dubartiin Siinqee
qabattee ililchaa jidduu yoo seente, waraanni sun battalumatti dhaabbata.Kana malees diinni
naannoo biraarra dhufee yoo biyya weerare dubartoota Siinqee qabatanii ililchanii warra dhiiraa
eebbisanii gara waraanaa gaggeessu. Kan qabeenyi jalaa barbadaaye ykn bade Siinqee qabatanii
hirphaniif. Dubartii dhala dhabdee sinqee qabatanii dhala kadhataniif, dubarrii imala deemtu
akka dhiirri ishee hin xuqinne Siinqee qabatee deemte, wayyooma siinqeetiif jecha dhiirri ishee
hin tuqu. .Akkaa duudhaa Oromoo ganamaatti Oromoon fira dhiigaa hin fuudhu, waliin hin ciisu.
Yoo fuudhe ykn waliin ciise haraamuu jedhama.Osoo hin beekin yoo kun raawatame akka hin
haraamofinne haraamitticha dubartoon Siinqee qabachuun kuldhaa baasu yookiin qulqulleessu.
siinqeen sirna Gadaa keessatti ulfaa dubartoonni mirga isaanii ittin eegataniifi fakkoomii aangoo
dubartootaa agarsiisu dha Kana malees siinqeen sirna Gadaa keessatti ulfaa dubartoonni mirga
isaanii ittin eegataniifi fakkoomii aangoo dubartootaa agarsiisuudha.

4.2.2. Sardoo Yookiin Laancaa

Margi sardoo jedhamu ummata Oromoo biratti iddoo olaanaa qaba. Jiruu fi jireenya keessatti
Oromoon bakka marga dhimma itti hin bane, hin jiru. Araara waaqaa yookiin falaa irraa kaasee
hamma dhimmoota dhuunfaa giddutti gaggeeffamutti dhimma itti baha. Akka fakeenyaatti;
yeroo waaqeffatu (irreechatti, tullutti, malkatti ),sirna fuudhaa fi heerumaa keessatti, ateetee falaa
fi ateetee goraa, eebbaa keessatti, kana malees Oromoon amaanaa yoo walitti kennatu yookiin
dhaamatu sardoo (marga) harka walkaa’a. faayidaan sardoo faaruu ateetee goraa keessatti guyyaa
dubbiin dhumattu gosaa fi abbaa dhugaa baasee qaleef ittiin eebbisuuf oola.

4.2.3. Hanfalaa, Kornyeefi Xuunxoo

Meeshaaleen aadaa dubartoonni gaafa ateetee goraatiif baatu keessa inni biroo hanfalaa, kornyee
fi xuunxoo jedhaman. Hanfalaan faaya aadaa dubartootaa keessaa isa tokko. Gaafiin hedduun
48

hanfalaan walqabatanii ka’uu danda’an. Fakeenyaaf hanfalaan maalirraa tolfama ? faaya ta’ee,
akkamitti tajaajila ? eessatti godhatama ? faayidaan isaa maali? Jedhaman sammuu namaa
keessatti uumamuu danda’a. Hanfalaan yemmuu horiin sa’aa coomaan qalamu gogaa sa’a sanaa
kan wirtuu dugdaa irraa baasuun sukkumamuun dhiisisu. Kana booda gaafa dubri heerumtu
akkuma homoommonni dhufeen, hanfalaa fi gontimaa worra homommotaaf dhufe san keessaa
nama ogummaa qabu tokko bakka buusuun hanfalaan goodamee, idaayyaan mudhitti hidhatee
mana haadhaatii seera guuttee baati. Akka manguddoon 4fi5 (dabalee C) guyyaa 24 fi30/7/11
marii garee qorataa wajjiin taasisanii jedhanitti, Hanfalaan seera Gadaa Oromoo keessatti mura
cimaa qaba. Akka seera kanaatti namni tokko yoo hanfalaa hate qabame, jilbi yakkaa isaa raadaa
fi jibicha. Horii lamaan kana keessaa, namichi hate kun, yoo Bokkuu na booji’ii kadhate, raada
fudhatanii jibicha maaruuf.

Gaafii hanfalaan akkamitti yookiin maal fayyada jedhamanii ka’aniif, hanfalaan faayidaa heddu
qaba. Faayidaa kana bakka ijoo lamatti qoonne ilaaluu dandeenya. Inni duraa, seera guuttattee
mana haadhaatii, ittiin bahuu fi mana dhaxxe sanattillee kutaa horiitiin walqabatee faayidaa
bal’aa qaba. Galgaluma cidhaa san, yeroo sirna buna badaasaa yookiin sirna mana baasaa
keessatti kutaa loonitiin wal-qabatee, worri seera raawwachiisu, maatii ilmatti fuudheen akkana
jedhanii gaafatan. Worri seeraa, intalli hanfalaa furachuu didde yoo jedhan, abbaafi haati,
rimeessa kennine jedhuun. Ammallee, intalli aanan dhuguu didde, yoo jedhan, aameessa
kennine jedhu. As keessatti wanti beekkamuu qabu, sirna kutaa loonii keessatti gahee olaanaa
qabaachuusaa agarsiisa.

Faayidaan hanfalaa inni lammaffaan, namni tokko dubartii takka, yoo gudeede, tumee ykn
arrabsee ateeteen goraaf itti baatee yoo waakkate, hanfalaarratti jilbi gaggeeffama. Jilba kana kan
qabatu, abbaa manaa dubartii tumamtee ykn arrabamteeti. Kan kassiisu garuu ishiidha. Seerri
raawwii jilba kanaa, gosa namicha arrabsee ykn tumee keessaa dhawaata nama kudha lamaatu
kakuuf qophaa’a. kana booda, dubartiin arrabamte sun hanfalaa hiikkattee, daaraan dhooftee
yakkamaan sun hin tumne ykn hin arrabsine jedhee hanfalaa san xuruuraa, dhawaata waliin
kakata. Meeshaaleen faaruu ateetee goraa keessatti tajaajila kennan kan biroo, kornyee fi
xuunxoo dha. Meeshaalee lamaan kun kan fayyadaman, ateetee gora tumaa qanafaa keessatti
dha. Ergaan ykn tajaajilli isaas, waan lama of keessaa qaba. Inni duraa, mallattoo deettuu ta’uufi
49

osoo hoosisaa jirtu tumamuu ishii kan ibsu yoo ta’u, sirna goraa sana keessatti faayidaan
lammaffaa, ittiin cubbisuuf oola. Kana jechuun, deettuun haati hoosisaa dhaanamtee dhugaa san
baafataaf jecha ateetee yaaftee yoo dhugaa dhabde, siinqee gonbiftee, kornyeefi xuunxxoo
waaqatti ol qabdee ittiin abaarti. Walumaagalatti, meeshaaleen sirna ateetee goraa keessatti
dhimmoota gurguddoof oolan isaan olitti ibsaman kana yoo ta’u, sirna kanaa fi kan biroorrattillee
meeshaaleen akka faayaatti godhatamuu fi uffataatti uffatamu bal’inaan kan argamaniidha.
Kanaas suuraa kanarraa hubachuun ni danda’ama

Suuraa 7. faayaa fi uffata aadaa ateetee dubartoota Oromoo Arsii Kokkossaa mul’isu

4.3. Galumsa/Haala Faaruu Ateetee Goraa

Raawwiin sirna hawaasa tokkoo keessatti, dursee wanti beekamuu qabu yoomessa raawwii
sirnichaati. Dabalataanis, jalqabaafi xumura raawwichaas beekuun dirqama.Yaaduma kana
Mahaammad Jamaal (2015:28) waraqaa qorannoo isaa keessatti Bauman wabeeffachuun akka
ibsetti, “sirni kabaja ayyana ateetee akka sagantaatti yeroo itti raawwatu, eessatti akka raawwatu,
eenyuun akka adeemsifamu ni beekama” jedhu.

Ateeteen yommuu gaggeffamu yoomessa mataa isaa kan qabuu dha. “Ateeteen waggaatti altokko
,baatii fulbaanaa gara dhumaa, guyyaa taakka kibxata, kamisafi sambata akka raawwatu ibsa”
50

(Maatii Sabaa, 2006). Akkasumas “ateeteen birraafi afraasaa akka raawwatuu danda’u”ibsa.
Haaluma kanaan fakkeenyaaf, ateeteen furmaa yommuu bonni dheerate, yoo waraanni hawaasa ykn
saba gidduutti hammaate, dhibeen adda addaa hawaasa irratti deddeebi’ee mul’ate kan
raawwatuudha. Ateeteen falaa yeroo baay’ee tulluufi malkaatti bahuun yemmuu gaggeeffamuu
ateeteen goraa garuu qe’ee nama gocha safuu cabsee sanatti gaggeeffama. Yommuu ateetee falaa
yemmuu bahan sardoo (margaa jiidhaa) fi qarruu qabachuun kan bahaniidha. Kunis kan agarsiisu,
ateeteen yeroo bahamu, iddoofi waan yommuu ateetee bahan qabatanii bahan kan agarsiisuudha.

Yoomessi faaruu ateetee goraa immoo yeroo gochi ykn taateen safuu fi tuqaa mirga dubartii
takkaarratti raawwatamen adda baha. Dubartiin gochi akka gudeeddii, tumaa fi arrabaa, yemmuu
irratti raawwatame, dura saddeeta dubartii bira deemtee himatti. Saddeenni dubartii
(haawwooleen) rakkicha bal’inaan erga hubatanii gara saddeeta dhiiraatti (jaarsoleetti) dhaquun
gocha dubartii sana irratti raawwatame erga ibsanii, gochi kan safuu cabsu yookiin kan mirga
ishii tuqu yoo ta’e, akka ateetee baafattu saddeenni gama lachuu murteessu. Ateeteen kan irratti
bahu qa’ee abbaa gocha kana raawwateetti. Dhangaa nyaataa fi dhugaatii hanga dhugaan sun
baatee horii qalattutti kan qopheessu haadha ateetee baafatte. As keessatti wanti beekkamuu
qabu, tumaa qanafaa kan abbaa manaafi tumaan haadhaa kan ilma ukoo qe’ema abbaa manaa fi
abbaa ilma sanaatti taasifama. Gama birootiin ammo yemmuu ateeteen qe’ee namicha gocha
badii raawwateetti baatee, yoo inni dubbii dheefaaf miliqe hanga inni argamee dhugaa baasutti
achuma qe’ee namichaa bulti.

Walumaagalatti yoomessi faaruu ateetee goraa, akaakuu galtee dubbiitiin yookiin gocha
raawwatameen adda bahee ibsama. Haaluma kanaan qabiyyee faaruu ateetee goraa dhimmota
taatee sanaafi yoomessa Safuu Gochaa Fi Jechaan raawwataman irratti hundaa’uun, akka ragaan
harshammee bara 2002 Waajjira Aadaafi Turizimii Aanaa Kokkossaa maxxanseefi akka
jaarsoleen 2, 3, 4, 5 fi 6 (dabalee C) marii gaaree qorataa wajjiin taasisan irratti hundaa’uun yemmuu
qaaccessu yoomessa faaruu ateetee goraa bakka saditti qooduun akka armaan gadii kanatti,
addaan bahanii ilaallamaniiru. Isaanis, yeroo gochi raawwatamee ateeteen manaa baatu (yeroo
bahiinsaa), yeroo sirnichi gaggeeffamu (yeroo sirnichaa)fi yeroo raawwii sirnaatiin walqabata.
51

4.3.1. Faaruu Bahiinsaa Ateetee

Faaruun ateetee goraa kun yemmuu ganama manaa baatu, akaakuu gocha raawwatameen faaruu
galtee sanaa balaaleffataa, ateeteen bahuu ittiin ibsataniidha. Kunis faaruudhaan akkas jedhu,

Haadha heessee,
Heesseen takka baatee
Dur hin beeku
Heebbii natti taatee
Heebbi baate dhageettaa
Maaf mana teetta ?
Faaruu kana keessatti, yoomessi lama kan argamu yoo ta’u, innis ammaa fi dur kan jedhamantu
keessatti argama. Gama biraatiin iddoon isaa, mana dubartii gochi irratti raawwatamerraa, gara
qe’ee namicha gocha raawwateetti sagalee dhageessisaa deemaa jiraachuu agarsiisa.

4.3.2. Faaruu Yeroo Sirni Taasifamu

Yoomessi faaruu ateetee goraa yeroo sirni dubbii taasifamu qe’ee nama gocha yookiin taatee
kana raawwateetti. Yoomeesa kana keessatti, himatamaan walqabatee dhimmoonni ijoon sadan
ka’uu danda’a. Isaanis gocha amanuu, waakkachuufi dheefa dubbii miliquun as keessatti
bal’inaan mul’atu Faaruu ateetee goraa yemmuu himatamaan miliqee
Arroon Ameessa
Gurbaan dabeessa
Abbaan dhaheessa
Quuqee nu ilaala .
Ijaan nudheessa
Akka waan bineensaa
Qabaa dhiheessaa.
Yoomessi faaruu ateetee kun Yemmuu ateeteefi jaarsi qe’ee himatamaatti sirna dubbii keessa
seenan namichi gocha kana raawwate osoo naannawa sanaa hin fagaatin dhokachuu agarsiisa.
52

Innis dhokatee ijaan quuqee nu ilaalaa jiraa, qabaa as fuudhaa jedhu. Yoomessi faaruu kanaa,
ganda yookiin qe’ee namicha gocha sana raawwatee ta’uu agarsiisa.

Yoomessa faaruu ateetee goraa yeroo sirnichaa keessatti qe’ee himatamaatti ateeteen ooltee
bultee worra lachuu (namicha gocha kana raawwatee dhugaa baasuu dideefi ardaa gurbaa) yoo
adaba irraa dhabdee komatte faaruun akkana jetti.

Doodaa Kokkossaa
Bultiin kombolchaa
Maaltu naaf hafe
Baala naa afee
Sariitii shullee
Silaa nu nyaatee
Sariiniif bullee.
Yoomessi faaruu kanaa qe’ema namicha gocha kana raawwatee sanatti miliquu namichaatiin
walqabatee hanga himatamaan galee dhugaan dubbii baatutti yoo ooltee bulte qoonqoofi bakka
bultiin kabajni hanqate. Walumaagalatti, komii namichaafi gosa ykn ardaa naannawa sanatti
argamanii ibsachuu ilaala

4.3.3. Faaruu Yeroo Raawwii Sirnichaa

Yoomessi faaruu ateetee kanaa gochi sun bifa dhugaa argachuutiin eebbisaa ykn immoo dhugaa
dhabuun abaaraa gara qe’ee dubartii ateetee baafteetti qajeeluu agarsiisa. Kanas faaruudhaan
yemmuu ibsamu. Fardi sangaan balaqa kurfeesse
Gosa tiyya, tan Rabbiin ulfeesse
Yoo galaa siinqee, gaaddisa fakkeesse
Yoomeesi isaa gammchuun yerroo gora bahaniif raawwatuu agarsiisu faaruudhaan ibsachaa
gara bahanitti kan gala jiran ta’uu agarsiisa.
53

4.4. Gaheen Faaruu Ateetee Goraa Mirga Dubartootaa Kabachiisuu Keessatti


Qabu

Gaheen faaruu ateetee goraa mirga dubartootaa kabachiisuu keessatti qabu olaanaadha. Sirni
bulchiinsaa jireenya ilmaan namaatif guddaa barbaachisaadha. Bakka seerri bulchiinsaa
qajeelaan uummanni ittiin of bulchuu hin jirretti bilisummaan, nageenyi, tokkummaanfi
misoomanii gaariin jiraachuu hin dandaa’amu. Saboota yeroo dheeraadhaa kaasanii seera ofii
tumatanii ittiin bulaa turan keessaa tokko uummata Oromooti. Akka Dirribiin (2012:201) ibsetti,
Ummanni Oromoo buulchiinsa akaakuu adda addaa ta’e sadiin buleera. Isaaniis: Sirna
hooggansa lamaan dubartii (kanneen sirna bulchiinsa mootummaa yeroo sanaa kan akka
fakkeenyaatti tuqamu sirna bulchiinsa Akkoo Manooyyeefi sirna angoo faaruu ateetee), sirna
bulchiinsa Gadaafi sirna bulchiinsa alagaati.

Uummanni Oromoo seenaa ofii argaa dhageettiin akka dabarsaa dhufetti sirni bulchiinsa dubartii
keessaa sirni ateetee umrii dheeraa kan qabuufi sirna bulchiinsa dimokiraatawaadha. Faaruun
ateetee goraa kun tokkummaafi mirga birmadummaa isaanii ittiin eeggachuu qofa osoo hin
taane, nageenya buusuu keessatti gahee olaanaa qaba. Dirribee (2007:62) yommuu
ibsan”ateeteen gamtaa dubartootaa jabeessee, mirga dubartootaa eegsisa. Dubartoonni akka
waaqni dhala isaaniif kennee guddisuuf, nageenyaa fi gammachuun jiraachaaf, hormaataaf,
araaraaf, nageenya akka argatan waaqaa galata galfatu. Hormaanni akka qajeelu, dhalli isaanii fi
qe'een isaanii nagaa akka argatuuf dubartoonni waaqa isaanii kan galateeffataniin faaruu
ateeteedhaan” jechuun ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun birmadummaan biyyaa yoo tuqameefi
yoo diinni waraana labse, raayyaa waraanaa kan diina biyyarraa deebisuuf duula deemu kan
eebbaan geeggeessu faaruu ateeteedhaan. Dubartootni tarree lamaan gamaa gamanaan hiriira
galanii siinqee isaanii mataa waliin ga’anii loltoota duula deeman hulluuqaa baasuun weedduu
yookiin faaruu falaa kana:
Anshaa afannee, jala teenyaa
Anshoo kadhannaa, ilma keenyaa
jechaa faaruun gaggeessu. Kana jechuun, muka falaa anshaa jedhamu harkatti qabachuun
waraanaatti waan jabaate hundaa nuuf ofkolchii ykn laaffisii, nagahaan nuuf galchi jechuudha.
Kanaaf ateeteen waraana gale tokko naga buusuuf gahee olaanaa qabdi. Kana malees, ateeteen akka
54

aadaa ummata Oromoo Arsitti: kan maalummaa mirga wal-qixxummaa dubartootaa ittiin
kabachiisan ykn ittiin qajeelchan, kan muuxxannoon gaariin irraa baratamuu fi barsiifamu sirna
dubartoonni Oromoo waaqa ittiin kadhatan, bara hoongeen hammaate fi bara dhibeen daddarbaan
biyya seene waaqa araarfatan, hawwii, abdii jiruufi jireenya isaanii keessatti qaban ittiin ibsatani dha
Akkasumas ateeteen kan goota ittin faarsan, luyna ittiin arrabsan. Kan safuu cabe ittin sirreessan,
kan sirni fuudhaafi heerumaa ittin mirkanaa’u, kan qophiin garagaraa (ayyaanni) ittiin midhaagu,
kan yeroo cinqaa (ciiniinsuu) waaqa ittiin kadhatanii dha.

Faaruun ateetee meeshaa rakkoon ittiin furamuudha. Dubartoonni baroota hedduuf faaruu ateetee
goraa bu’uura godhachuun: aadaa, safuu, duudhaafi seenaa isaanii ibsachaa turaniiru. Kana
malees rakkoo gama siyaasaafi hawaasummaan dubartoota mudate, gamtoomuun aadaa boonsaa
kanaan akka furamu taasisu. Faaruun ateetee tokkummaa dubrtootaa cimsuu keessattillee gahee
olaanaa qaba. Kanas, kan mirkaneesu yoo rakkoon tokko akka hawaasa naannichaafi dhuunfaa
isaanitti gale, sagalee isaanii ililtaan dhageesisuun woraana isaanii siinqee qabatanii iddoo
barbaadanitti gurmaa’uun karaa rakkoon sun furamuun murteeffatu.

Dubartii naannawa san jiraataan keessaa sagalee ililtaa san osoo dhageettu manatti hafte yoo
haadha manaa himatamaa taatellee dursitee mirga ishii eeguuf jecha sagalee dhageesisuufi
saddeenni ateetee dubartii lamaa itti erga. Kana booda yeroo jedhametti yoo argamuu baatte,
duulli ateetee kun mana ishii deemanii meeshaalee mana keessaa kanneen akka: ottee marqaa,
eelee fa’a caccabsuun tarkaanfii itti fudhatu. Haalli kun tokkummaa isaanii cimsachuun
mudannaalee alaa dhufan irratti gamtoomanii birmadummaa saanii kan eeggatan ykn kabachiisan
ta’uu agarsiisa. Gaheen faaruu ateetee goraa gama siiyyas-diinagdeen, tukkummaa isaanii
cimsuuf safuufi duudhaa hawaasaa keessattuu kan gama dubartootaa, taatee gochaafi jechaan
mudatan haala armaan gadiiti tarreeffaman kanaan kabachiisaa tureera.

4.4.1. Faaruu Gudeeddii Dubartootaa Morman

faaruu ateetee goraa gocha gudeeddiin walqabataniin yoo dubartoota irratti raawwatame faaruu
gocha ykn taatee sana balaaleffattuun dhageesisaa manaa baati. Haalli kun dubartootni faaruu
ateeteen mirga isaanii kabachiifachuu agarsiisa Kunis faaruudhaan yemmuu ibsamu,
Araddaa oolaa
55

Ee,horii kiyya
Buqqisee laalee
Ee,kurree tiyya
Worratuu dhugaa cufatee
Ciraan kee dhumate
Jechaati, nama gocha kana raawwate akka xiin-sammuun isaa miidhamutti akkasumas akka badii
kanarraa baratutti irra deddeebi’uun arrabsoon miidhu. Ergaan ateetee kanaa, safuu cabe
agarsiisa. Inni anaaf woyyuu, qaamni kiyya isaaf hirmi. An woyyuun woyyooma dhabee,
gudeeddii narratti raawwatameen, safuu tiyya cabsee, dabseen ateeteen sii baatee, dondhummaan
kan duraa qabdanii, amma akkam kee taataa ? Kanaaf salphina addaatu si tuqe jedhuun taatee
sana balaaleffatuun mirga isaanii kabachiifatu.

4.4.2 Faaruu Tumaa Dubartootarratti Raawwatame Qeeqan

Faaruu ateetee goraa, gocha tumaan raawwatamee kun, akkuma gocha ateetee saal-qunnamtii,
bal’inaa fi seera mataasaa kan ittiin raawwaatamu haaqabaatuu malee mirga dubartootaa ittiin
kabachiisuuf faaruu tumaa ibsaniin ibsatu. Akka fakeenyaatti kan dubartii deettuu tumamte
takkaa faaruudhaan akkas jechaa baati:
Ateetee, Daadhiin qorsoomaa
An faantuu arge
Deettuu dhaananii
Deettuun woyyoomaa
Ergaan faaruu ateetee kanaa, gocha tumaa dubartii woyyooma qanafaan jirtuu agarsiisa. Faaruu
kana keessatti kan hubatamu qabu, deettuu tumuun seera sirna Gadaa Oromoo keessatti akka
nama safuu cabsee fi dabseetti ilaallama. Deettuun woyyoma qabaachuu ibsaa, tumaan sun seera
akka hin taaneefi mirgi deettuu akka eeggamu agarsiisu.

4.4.3 Faaruu Arrabsoo Dubartii Irratti raawwatame Morman

Faaruun ateetee goraa kun gochaan osoo hin taane jecha arrabaatiin raawwatame ibsa. Akkuma
ateetee gosa kaawwanii ulaagaalee yookiin seera mataasaa qaba. Akaakuun seera isaas akaataa
arrabsoon sun afaan namaatii itti bahee fi qaama arrabsoon kun irratti raawwatameen adda bahee
ilaallama. Kan bal’inaan, tokkoo tokkoo isaa, gosa isaatiin qorataan, adda bahee ilaallameera. As
56

jalatti akka fakkeenyaatti faaruu arrabsoon tokko mirga dubartootaa kabachiisuu keessatti qabu
fudhannee ibsineerra. Kunis dubartiin takka jecha Saree jedhamuun arrabamtee yoo manaa
baatu akkas jettee, faaruudhaan arrabsoo kana balaaleffatti.
Sariitii koree, tan haafa hin qabne
Saree naan jedhe, kan haala hin qabne
Abboo salphadhuu, saree hanqadhu.
Ergaan faaruu kanaa, maqaa kabajaa kan mirgi namummaa kiyyaa ittiin eeggamuu fi beekkamu
keessaa na baasee, bineensaan na moggaase. Akkasumas namummaa na baasee, moggaasa
salphinaa narra kaa’e. Fafaayi ati, saree hanqadhu, kan jedhu of keessatti hammateefi jechoota
arrabsoo kanaafi kan kana faakkaatan faaruun mirga isaanii kabachiifatu.

4.4.4. Faaruu Tokkummaa Dubartootaa Cimsan

Dubartootni sochii jiruu fi jireenya ilmi namaa taasisu keessatti, gaddaafi gammachuu keessatti,
fuudhaa fi heeruma keessatti, fala keessatti, birmadummaa dhuunfaa kaasee hanga biyyaatti
gurmiidhaan wal-danda’anii jiraatu. Akaakuun faaruu ateetee kunis, kan tokkummaa dubartootaa
gama hundaan cimsuudha. Tokkummaa kana cimsuu keessatti, kan dura faaruu ateeteen
hirmaannaafi muuxannoo qaban akka itti fufan gochaa, isaan hin beekneefi hanqina qaban
xiiqessaa, gurmii isaanii cimastu. Tokkummaa yemmuu manaa baatu agarsiisu faaruudhaan
akkana jedhu. Haati daa’imaa, harma hoosifti
Cufattee raftaa, bada mootittii?
Ateeteen, guddoon tan lagaa galtuu
Ati daakkadhu, tan qalbii qabdu
Ergaan isaa, deettuun harmaaf erga rakkattee, ati rakkoo galeefi sagalee keenya osoo dhageettuu,
akka waan hin dhageenyeetti qarummaan miliqxee hafuufii beekkadhu jechuun akeekkachiisa
kennuuf. A. Indaatu dhale B. Gooroo hurufaa
Tun baatu malee Ofii ni rafti
Hin raasu galee Mataan gufufaa
Ergaan faaruu A. kutannoo qabaachuu isaanii agarsiisa. Qabiyyeen of keessaa inni qabu, gorti
manaa baheef tun baatu malee hin taa’u, hin hojjadhu! jechuun xooxessanii balaaleffatu. Ergaan
faaruu B. Kun arrabsoo sirreeffama dubartii manatti hafteeti. Kunis, haati manaa, abbaan manaa
ishii yoo badii kana raawwatee, ishiin ateetee biraa hafte arraba hamaan akka ishiin gorooftee
57

duukaa baatu taasisu. Yoo ishiin arrabsoo kanaan bahuu baatte, tarkaanfii birootu irratti
fudhatama. Tarkaanfiin kunis, meeshaalee manaa keessaa kanneen akka ottee, eelee fi kan
biroorrattillee tarkaanfii fudhatu. Haalli kun tokkummaa isaanii cimsachuuf ta’uu agarsiisa.

4.4.5. Faaruu Daba Dubbii Ittiin Sirreessan

faaruu ateetee goraa dubbii dabdeen sireesan, kallattii lamaan ilaallama. Inni tokko, abbaa gocha
dubartii goreessu raawwate sanaan kan qajeelchan yoo ta’u, inni lammaffaan immoo kan jaarsiifi
ardaa dubbii fixuuf bahee, yoo daba uume ykn gar-tokkee goree, ateeteen beellamaan
deddeebi’uun, dubbiin qaamolee kanaan hidhamuu, erga argiteen booda, faaruudhaan akka
sirreeffamu gooti.
A. Hirqammuu gaaraa B. Gaara oolee, bashuulaa tabsiise
Dhaanee waakkatee Dhiisee galuu, anatu si barsiise
Mee irraa mulqaa Dhitee aduun tana dhiise hin lixu.
Dirmamuu laalaa Bitoo maaldayaa
Mirgi wal-qixaa Gurbaan hin dhufnee ?
Dandeettu fixi Ardatti naanna’aa.
Dadhabdu dhiisi
An Bokkuuf lixaa.
Ergaan faaruu A, Namicha tumaa dubartii irratti raawwatee waakkatuu fi jaarsota ykn ardaa
gochi sun soba jedhee duraaniin dubbii jallise, taateen sun qabatamaan jiraachuu arganii, dubbii
qabatamaatti akka seenan taasisa. Gama biraatiin, yoo dubbatte, dubbii dhugaa, dhugaaf
dubbadhu, dhibdu na hoffolchi! jechuun akeekkachiisa jaarsaafi ardaatti faaruun himu.
Ergaan faaruu B. haaluma walfakkatuun hanqina jaarsa ykn dubbataa biratti mul’atu akka
sirraa’uu taasisa. Gara laafummaa keenyatu, dubbii akka lafaan martu si godhe. Amma garuu
dubbichatu ardatti naanna’a malee har’a, dhiisee hin galu. Jechuun faaruun kun lachuu namichi
himatame, jaarsii fi ardaan akka dubbi kallatitti deebisan ykn qajeelchan akeekkachiisa.

4.4.6 Faaruu Miliqa himatamaa Ittiin Too’atan

Miliquu kan jedhamuu, namni tokko gocha hamaa tokko dubartii irratti raawwatee, yoo dubartiin
gocha kana ateeteedhaan mirga kabachiifataaf baate, namichi gocha kana raawwate mala isa
58

baasu yoo dhabe, yeroodhaaf miliquu danda’a. Namichi kun waan lamaan yaadda’ee dheefa
filata. Inni duraa, badii hamaa hojjateefi safuu dabse saniif ija ummataatti mul’achuu soda yoo
ta’u, inni lammaffaa immoo adabbii irratti fudhatamu sanaan qabeenyatu na tuqama yaada jedhu
qabatee mala miliquu filata. Ateeteen baatee yoo inni miliqeen beekkame faaruudhaan poolisaa
fi ulee tokko malee, faaruu qofaan sodaachisuun, sossobuun, tokko tokkotti qabuun (ardaa fi
abbaatti )akka dhiheessan taasisuun, faaruu gara-nyaatteen gorsaa fi yeroo barbaachisetti, abaarsa
sodaachisaan qajeelchuun, dubbiin kallatti qabattee akka dhumtu ateeteen faaruudhaan taasifti.
Faakkeenyi faaruu kanaa:
A. Sossobbiin B. Ceephessuun C. Kutannoo agarsiisuun
Gujiin farda sakaalaa Gurbaa kakira Sango baajoo, guftee
Gudii gurbaa magaalaa Inninuu jiraa Dubbiin baasaa dhuftee
Quuqee nu ilaalaa Gatetti galee Dhiisee galuun dhibde.
Ijaan nudheessaa Shafinaa ciraa Sirka duubaan aboosa
Akka waan bineensaa Isa dhabanii Sirra kaa’ee harqootaa
Qabaa dhiyeessa. Ishii qabani. Essaan sochoota
Qabiyyeen faaruu A, kan gurbaa magaalaa kan nama ajaa’ibu, qaroomatee akka bineensa
dhokatee nu ilaala. Atifi nullee namumaa, dhugaa soqaa baanee, nu hin dheessinii as koottu
yookiin qe’eetti gali. Yaada gorsaa kan dabarsu yoo ta’u, faaruun B, gurbaan wollaalaan suni
aad-malee, worqicha seenee duugaa jiraa, maqaan dhiiraatuu bade, abbaan manaa worqitti galee
osoo duuggatu haati manaa dubbii akka fixxuuf qaban, yaada jedhu qaba. As keessatti gochi
lachuu aad-malee waan ta’eef salphina kana jalaa bahuuf gurbichi qe’etti deebi’ee dubbii
fixachuu akka qabu kallattii kaa’a. Haalum walfakktuun, faaruun C. jalaa, kutannoo ateetee
agarsiisa. Kunis dubbiin tuni baatu malee, ateetee fi jaarsillee dubbiin baasaa tun baatu malee
asii hin galluu, garri dheessituun hin jiruu qe’etti deebi’i. jechuun faaruudhaan qajeelchu.

4.4.7. Faaruu Deddeebii Beellama Dubbii Ittiin Gabaabsan

Galtee gocha tokkoo keessatti haallan dubbii tokko akka beellamaan deddeebi’an taasisaan waan
hedduu dha. Isaan keessaa muraasni: dubbataan bifa qixa ta’een argamuu dhabuu, namni gocha
badii kana raawwate jedhamee himatame sun yeroo murtaa’eef miliquu yookiin dheessu fi
akkaataa galtee dubbii sanaa qorachuun walqabatee, beellamni dheerachuu danda’a. haata’u
59

malee beellamni yeroo heddu, deddeebi’ee yoo jedhu, balleessaa dubbii tanaa ta’uu danda’a,
jechuun ateeteen faaruudhaan akkana jetti:
Faaruu A Faaruu B.
Halkan barii eega Balaqqeen fardaa, tan yaabbatanii
Bariin aduu eega Balaccuu qabaaf na daawwatanii
Tan dhiisee hin galuu Yoom ganyaa te’ee na saalfatani
Anaafuu teedaa
Arsii nuu beekaa.
Ergaan isaa, akka guyyaan hundi dhufuun beellamni dhufa, qaba tana dhiifnee hin gallu murata.
Jaarsiifi ardaan bakka san jirtan nuu beekaa. Jechuu yoo ta’u, faaruun B, haaluma walfakkaatuun
gara-nyaattee gosaaf ibsachuu ilaala. An bantittiin gosaa, asumatti guyyaa hundaa ijumaan kan
nu ilaalan, maaf hiloo yookiin kabaja dhabnee nu deddeebisanii. Jechuun beellama dheerate
jaarsonni kutannoon akka dubbitti galan gaafachaa turtii duraa san balaaleffatuun hanqina gama
kanaan jiru akka sirraatu taasisu.

4.4.8 Faaruu Nama Safuu Cabse Ittiin Qeeqan

Ilmi namaa adeemsa bu’aa bahii jireenyaaf tattaafii godhu keeaaatti yeroo tokko tokko,
namoonni muraasni safuu hawaasaa dabsnii argamu. Kunis karaa jechaa fi haala gochaatiin
raawwatamuu danda’a. duudhaan hawaasaa kun karaa kamiinuu hir’atee mul’ate akkasumas
qaamni safuu hawaasaa kana jallisee argame, hawaasa keessatti baay’ee qeeqama. Gochi kun
karaa dhokataa fi mul’ataan raawatamuu danada’a. Safuun yoo raawatamu mul’ate tarkaanfiin
seera ateetee itti fudhatama. Kanumarraa ka’uun dubartootni faaruudhaan akkas jechuun
ceephessan
A B.
Arriyyoon galee, dallaa mar’ataa Ee muuda killaa
Faantuu nutti baase gurbaan salphataan Jedhee waakkatee
Arriin mukattuu baatii Ha’uusubbillaa
Waaqalbii taatii
Ergaan faaruu A, Arrii yoo ilaalan nama guddaa fakkaata, garuu hojiin isaa hirmii raawwata ykn
swafuu cabsa. Qalbiin yoo guddatan malee, dheerinni hojjaa qofti nama guddaa, nama hin
60

taasisu. Kan jedhu yoo ta’u, ergaan faaruu B, Namni soda waaqaa dhiisee, jecha hamaa safuu
cabsu jedhee waakkatee, amantaa dhabee, jechuun adeemsa gocha isaa qeeqan.

4.4.9. Faaruu Araaroo Ittiin Kadhatan

Akaakuu faaruu ateetee goraa keessaa tokko komii sirna raawwii kana keessatti jechaafi
gochaanillee, qaamolee sadan sirna ateetee kana keessatti qooda fudhatan: qaama himatu, kan
himatamu fi kan dubbiidhaan gidduu isaanii dhaabbachuun araara buusan keessaa tokkoo galata,
tokkoo immo gadoo fudhachuun kan adda galan osoo hin taane, jaarsi fi ateeteen waaqa waan
hundaa uume araarama gaafachuun gara mana isaanitti galu. As irratti wanti beekkamuu qabu,
sirni kun kan raawwatu yoo ateetee goraaf baate sanii dhugaan baatee qalattee gammadde akka
ta’e, hubatamuu qaba. Kanaas faaruudhaan ateeteen akkana jetti:
Ee raada targi
Aree abaaree
An araaramee
Naa dhiisi rabbi.
Ergaan faaruu kanaa, safuun tiyya tuqamnaan ateeteen bahee afaan bahee yaa rabbi, an
araaramee nuu araarami. Jechuun faaruudhaan waaqa dhiifama gaafatu.

4.4.10. Faaruu Nama Duudhaa Hawaasaa Dabse Ittiin Qeeqan

Qabiyyeen faaruu ateetee goraa keessa inni hamaafi qaanessaan, arrabaa fi abaarsa. Sababni isaa,
arrabni nama guddaa tokko xiqeessee, xiin-sammuu isaa miidhu qofa osoo hin taane, madaa
yeroo hundaa hin fayyine taasisa. Faaruun arrabsoo yeroo baayee kan mul’atu, henna namni
tokko badii hojjatee, gocha san irraa fooyya’ee argamuu baateefi waan seera gocha sana ittiin
baasan raawwachuu diduu irraan dhufa. Haaluma kanaan dubartiin takka: dhaanamtee,
arrabamtee yookiin immoo gochi biroo irratti raawwatamee, yoo himattee dhugaa dhabde, giduu
yookiin dhuma gocha sanaatti faaruu arrabsootiin miidhu. Kunis faaruudhaan yoo ibsamu
Sariitii gamaa, tan heebano’oo
Sareen saddeetii, tan geegayoo
Sariin ol ooftaa, gurbaa as kootta.
61

Qabiyyeen ergaa faaruu kanaa, arrabsoo miira sammuu namaa keessatti bakka godhatee
yaadanoo bara baraa ta’ee mul’ata. Ilmi namaa gaafa sirna fuudhaa fi heerumaa ulfina geegayoo
horiitu namaa kennama. Nama dubartii irratti aad-malee hojjateen, bakka geegayoo loonii, saree
saddeetii oofattaa koottu. jechuun arrasoo qaanessaa kanaan miidhu.

4.4.11. Faaruu Abaarsa Ibsan

Akka aadaa ummata Oromootti, abaarsi akka bakakkaan lola waaqaati jedhamu, abaarsillee
gocha yookiin jecha namaallee ta’u, akka lola waaqaa sanitti sodaatama. Sababni isaa, namni
tokko waan dhugaa irra dhaabbatee, namoota adda addaa, afaan garagaraatiin (amantii
garagaraatiin) yoo rabbi tokkicha, cubbuu abban hojjateen abaarame, rabbiin guyyaa fedhe, waan
fedheen nama miidhuu waan danda’uuf akka malee sodaatama. Gama biraatiin abaarsi yoo
ofiirraa hiikuu baatan, cubbuun dhalootatti naanna’aa deema jedhamee, yeroma gochi hamaan
sun raawwatame guyyoota murtaa’an keessatti namni waa’ee kana beeku hiikkata.

Haata’u malee ilmi namaa hojii guyyaa guyyaan hojjatu keessatti mudannoofi hanqinni bal’aan
namaa gara namaatti qunnamuu danda’a. Hanqina kana karaa ittiin furachuu danda’aniin
gaafatanii furmaata barbaaduudha. Kanarraa ka’uun dubartii, dhiirti takka gocha gar-malee irratti
raawwate mul’atee, yoo himattee dhugaa baasuu dide, sadarkaalee keessa darbuu qabdu erga
fixateen booda, abaarsa garagaraatti seenti. Isaan keessaa, kan ateetee goraatiin wal-qabtan
akkana jechuun abaarti. Sariitii muree
Hiddatti quunqume
Saree naan jennaan
Golgatti suunsume
Abboo salphadhuu
Saree hanqadhu.
Ergaan isaa, arraba salphinaatiin na himnaan qe’eetti si qarraayee, sareen na himtee, (afaan fafaa
naan jettee) saree hanqadhu, mudaayi, sareen si haa himan. Jechuudhaan abaarti.
62

4. 4 .12. Faaruu Ebba Ibsan

Eebbi, faallaa abaarsaa yoo ta’u, mallattoo nama hojii gaarii hojjatee hawaasa biratti milkaa’aa
ta’e ibsa. Kana malees eebbi mallattoo badhaadhinaati. Eebbi akaakuu raawwii gocha
garagaraatiin qoqqoodamee ibsama. Isaan keessaa muraasni: eebba falaa, eebba qophii sagantaa
tokkoo, eebba ateetee, eebba haadhaa abbaa fi kkf kaasuun ni danda’ama. Kanneen keessaa eebbi
faaruu ateetee goraa isa tokko. Kunis dhimma ateeteen baateef san, yeroo gabaabaa keessatti
dhugaa ishiin barbaaddu san yeroosaatti argatte yoo milkoofte gammachuun gosaa fi nama
dhugaa san baasellee eebbaan akka gammadan taasisu. Kunis faaruudhaan haala kanaan ibsama.

A. Faaruu, Eebba nama dhugaa baasee A. Faaruu, Eebba gosaa


Mirgo odolcha Biyya dalloo siren, gaaddisa qabdi
Sardoo sii afee Gosa tiyya, si haadaaddisu rabbi.
Eebba sii tolchaa
Siinqee tiyya jiituu
Ala, moonaan sii haajiitu.
Dalla saayyoo gomboo
Hori abboo.
Ergaan faaruu A, akka wanti hunduu sii laaftu, sadoo laafaa (marga jiidhaa lalisaa) afee, si
eebbisa. Siinqeen tiyya jiituu, alaa manaan gabbadhu, jiidhi, dalleenni kee haaguuttamu, hori,
jedhu. Ergaan faaruu (B) gosa yookiin jaarsa dubbatee dhugaa tana argeefillee ulfaadhaa, rabbi
isin haatissu. Jechaa isaanillee gammachuun gara mana haadha isaan baafatteetti deebi’uun,
achittis dhangaa qophaa’e nyaatanii gara mana isaaniitti gammadaa galu.

Walumaagalatti seenaa Oromoo Arsi Kokkossaa keessatti faaruun ateetee kan mirga namummaa
dubartootaa ittin kabachiifatan, kan safuun hawaasaa ittiin eeggamu, kan booree ittiin bahanii fi
kan tokkummaan dubartootaa ittiin cimuufi seera ateetee keessatti birmadummaa dubartootaa
eeguun gahee olaanaa taphata.
5. YAADA CUUNFAA, ARGANNOOWWANII FI YABOO

5.1. Yaada Cuunfaa

Ka’umsi qorannoo kanaa inni guddaan faaruun ateetee goraa Godina Arsii Lixaa Aanaa
Kokkossaa keessatti dhalootaa dhalootatti dabarsuun dagatamaa dhufuufi barreefamaan
dhabamuun kun mataduree kanarratti akkan qoradhuuf kan na kakaase yoota’u, kaayyoon
qorannoon kun qabatee ka’e faaruun ateetee akkamitti mirga dubartootaa kabachiisuuf oolu,
dhimoota faaruu ateetee goraatiin ibsaman, qabiyyeewwan faaruu kanaa meeshaalee sirna ateetaa
goraa keessatti dhimma itti bahan fi faayidaa faaruu ateetee goraa fatu ibsama. Bifootni faaruun
kun ittiin ibsamu, kan saal-qunnamtiin walqabate, kan tumaan walqabatu fi kan miidhaa
jechaatiin walqabatu yoo ta’u, wantoonni akka bu’aatti argaman duudhaa fi seera safeeffann
woyyooma dubartootaa faaruu ateetee goraatiin kabchiisuun akka danda’amu, mirga
walqixxummaarratti, hawaassummaarratti, seenaarratti maal akka fakkaatu kan ibsame yoota’u,
hawwaasni aanichaa hagam faaruu ateetee goraatti akka fayyadamaa jiran kan mul’ate qorannoo
kana keessatti argamee jira. Barbaachisummaan qorannichaa inni guddaan gosoota faaruu ateetee
goraa, qabiyyeewwan faaruu goraa kun duudhaawwan Woyyooma dubartoota Oromoo durii
kaasee darbaa dabarsaan ummanni Oromoo dhimma itti bahaa turuun kunuunsee, kabjjee
kabachiisuun asiin gahe kana labanni ammaa, itti fayyadamuu fi kunuunsee dhaloota egereef
ifatti baasuufi barreeffamatti jijjiiruudha.

Hanqina qorannoo kanarratti qorataan namuudata jedhee shake tooftaalee garagaraa


fayyadamuun qorannicha kan fiixaan baase yoota’u, sakatta’a barruulee firoomina qabanii
sakata’amanii jiru.Qorannoo mataduree qorataatiin walfakkaatu walcinaa qabuun tokkummaafi
garaagarummaa jiru adda baafamee kan laallameedha.Gosa qorrannichaatiin walqabatee gosoota
qorannoo jiran keessaa akkamtaatti kan fayyadame yoota’u haala funaansa odeeffannoo bifa
gaafiifi deebiitiin, marii garee qayyabannaatiin, af-gaafiin funaanuun barrefeffamatti kan
jijjiirame yoota’u, namoota faaruu ateetee goraa irratti hubannoo qaban dhiira 10 fi dubartii 7
miti carraadhaan kan fudhatamanii dha. Dhimoota faaruu ateetee goraatiin ibsaman,
qabiyyeewwan faaruu, faayiddaa faaruu bal’inaan kan qaacefamaniidha.
64

Bu’aan qorannoo kana keessatti argaman hawaasni aanaa Kokkossaa yeroo sababa adda
addaatiin faaruu ateetee goraatti fayyadamaa kan hin jirre ta’uu, safuufii duudhaan kabaja
woyyooma dubartootaaf qaban laafaa dhufuun, meeshaaleen aadaa faaruu kana waliin deeman
badaa dhufuufi kan biraatiin bakka bu’uu, yoomessi faaruu ateetee goraa akaakuu galtee dubiitiin
osoo addaan hin baafne walitti makanii faarsuun kan ifatti mul’ate yoota’u, yaada furmaataa
qorataan qorannoo kanaan kaa’era.

Walumaagalatti faaruuwwan ateetee goraa qorannoo kanaa, kan funaanname hawaasa Oromoo
Arsii Kokkossa keessaa yoo ta’u, bifa viidiyoo, waraabbii, marii garee qayyabannaa; gaafii fi
deebiin akkasumas af-gaafii xiinxaluun gama barreeffamaatti jijjiiramee barreeffamaan kan
dhihaateedha

5.2. Argannoowwan

Qoratichi qorannoo isaa faaruu ateetee goraa qaaccessuu irratti gaggeesseen argannoowwa
armaan gadii argatee jira.

1. Duudhaa Woyyooma dubartoota Oromoo durii kaasee darbaa dabarsaan ummanni Oromoo
Arsii Kokkossaa dhimma itti bahuu qofa osoo hin taane, beekee, kunuunsee, kabajjee
kabachiisuun asiin gahe kana labanni ammaa, yeroo namni barate baay’atee fi taknooloojiin
babal’atetti hawaasa keessaa funaananii qaaccessuun hafee itti fayyadamuu fi kunuunsee
dhaloota egereef dabarsuurratti hanqina bal’aa kan qabu ta’uu, qorannoo kanaan beekkameera.

2. Beekumsii fi qaroominni ummatni Oromoo waggoottan dheeraaf faaruu ateetee goraan safuu
eeggachuuf dhimma itti bahaa ture kan yeroo ammaa dagatamaa jiran hawaasa keessaa
funaanuun qaaccessee guddina aadaafi muuxannoo gaarii hawaasa biyyaatiif akka ta’u qorataan,
qaaccessa qorannoo kanaan gumaata taasiseera.

3. Maalummaa fi qabiyyeewwan faaruu ateetee goraa isa ganamaa dagatamaa dhufaa jiran
qaaccessuun qorannoon kun ummata Oromoo ta’ee namoota aadaa kana hin beekneefi dhaloota
ammaatiif ifa baaseera.
65

4. Meeshaalee aadaa faaruu ateetee goraa waliin deemaniifi gahee olaanaa qaban, yeroo ammaa
badaa dhufaa jiraachuu isaa bira gahamee jira. (fkn Hanfalaa)

5. Dubbataan seera faaruu ateetee goraa keessatti saddeeta gama lamaanii keessattuu, gocha
gudeeddii woyyuurratti raawwatameen walqabatee cimeessa badduu baasu malee, namni arge
baasuu akka hin dandeenye qorannoo kanaan bira gahameera.

6. Dhimmootni faaruu ateetee goraatiin ibsamaniifi akaakuu faaruu ateetee goraa dagatamaa
dhufuu irraan kan ka’e, gosaa fi gocha raawwatameen (kan gudeeddii, tumaafi arrabsoo) adda
baasanii beekuu dhabuun walitti makuun faarsuun bal’inaan kan mul’atu ta’uu argannoowwan
qorannoo kanarraa qorataan argatee jira.

5.3. Yaboo

Fookiloriin aadaa, duudhaa, ogummaafi beekkumsa akkasumas falaasama hawaasaa kan


ibsuudha. Kanamalees duudhaa hawaasa tokko keessatti barameefi beekkamu addunyaaf kan
addeessuudha. Kana ammoo itti fayyadamaa jiraahuun hawaasichaa yoo beekames hawaasa
biraatti haalli raawwii isaa qoratamee dhalootaaf barreeffamaan taa’uu qaba.Haaluma kanaan
faaruun ateetee goraa, qabiyyeewwan adda addaatiin faarsaman gama barreeffamaatti jijjiiruun
qaamonni adda addaa barnoota hammayyaa keessa galchuun dhaloonni ammaa akka hubatuufi
itti tajaajilamu gochuun barbaachisaadha. Kanumaan wal qabatee yaanni furmaata qorannoo
kanaa
❖ Biiroon Aadaafi Turiizimii aanaa Kokkossaa, faaruu ateetee goraa viidiyoo, rikkardii,fi
suuraa kaasuun qaaccessee barreeffamatti jijjiiruun God-hambaa keessa kaa’uun dhalootni
ammaas ta’ee namoonni waa’ee aadaa faaruu ateetee goraatiin walqabatan irraa akka
hubatanii yookiin beekanii kabajan osoo godhamee gaariidha.
❖ Biiroon barnoota Oromiyaa faaruu ateetee goraa akaakuu isaatiin godinaalee adda addaa
irraa funaanuun qabiyyee barnootaa keessa osoo galchee.
❖ Hayyoonni hawaasa kana keessa jiraatanfi dhimmamtoonni fedhiifi dandeettii barreessuu
qaban, faaruu ateetee goraa dubartoota buleeyyirraa funaanuun mana barumsaatiif
dhiyeessuun, barattoonni gumiilee adda addaa keessatti, keessattuu shamarran faaruu
ateetee goraa kana akka beekan osoo qabsiisee.
66

❖ Barreesitoonni, Artistoonni Oromoo bifa muuziqaafi kitaabaatiin maxxansuun hawaasa


bal’aa biraan osoo gahanii.
❖ Namni qorannoo faaruu ateetee kanarratti gaggeessu: meeshaalee viidiyoo, waraabbii,
rikkardii, kaameeraa fayyadamuun qaaccessee barreeffamatti jijjiiruun kaa’uu qaba.
❖ Dubartoonni fi manguddoonni qarooma kana yeroo dheeraa keessa turan Aanaa san keessa
jiran faaruu ateetee keessattuu kan goraan walqabatan, meeshaalee faaruu ateetee gosa
kanaan walqabatan, ilmaan isaanii qabsiisuun duudhaa boonsaa kana dhalootatti dabarsuu
qabu.
❖ Dhaloonni ammaa faaruu ateetee goraa maatiirraa funaanuun ofii beekanii kunuunsanii
barreeffamatti jijjiiruun dhaloota egereetiif kaa’u qabu.
67

WABIILEE
Addunyaa 2011:62-63 Akkamtaa: Yaadrimee Qorannoo Hujoo. Finfinnee: Oromiyaa.
Alamaayyoo Hayilee, Boshoo Gonfoo, Daani‟eel Dheeressaa, Sambatoo Bushaafi Umar Nuuree
wabeeffachuun, Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa.1998 Biiroon Aadaafi Turizimii
Oromiyaa:maxxanse Finfinnee: 1998.
Asafaa Tafarraa 2009. Eelaa:seenaa ogummaa Oromoo. Finfinnee,Oromiaa.
Dirribiin Daisee 2012:201 Siinqee—Ililcha Oromo ,Finfinne ,Mana Maxxansaa Finfinnee..
Dirribee 2007:62. Ateetee, Seenaa Eenyummaa Oromoo. Finfinnee
Encyclopedia Birtanic (1993). Vol 19 chicago: Encyclopedia Britanic Inc.
Fedhasaa Taaddasaa. 2013 Faaruu, Subii: Bu’ura Ogbarruu Oromoo Finfinnee: Subi Priting
Press.
Fennegan R1970:270. Faayidaa faaruu/ Oral poetry:It is Nature and significance and social context.
Cambaridge: Cambaridge University press.
Fennegan 1976. Oral Litirature in Africa.Oxford University press.
Gammahuu Magarsaa 2004;8-9 Safuu faaruun,The Oromo world view,Jornal of Oromo studies,
volume 12. Number 1$2 (july 68;79).
Geetachoo Rabbirraa, 2008:114. Afoolli Aartii ogummaa jechaa Furtuu Seerluga Afaan Oromoo.
Finfinnee Africa Lingua printing, P.L.C. Gemechu Bekele. (2003). A study of major
themes in game Sellected songs of Ifinesh KenoUnpublished MA thesis, Addis Abeba
University.
Georges, R.A and Jones, M.O. 1995:314. Bu’aa afoolli hawaasaaf qabu Folkloristic: An
introduction. Biloomingonton and Indiana polis: Indiana University Press
Harshammee Waajjira Aadaa fi Turizimii Aanaa Kokkossaa qopheesse. 2002 :22.maxxanse
Imaanaa Bayyanaa. 2007.:49 Fookilorii fi meeshaalee aadaa sirna ateetee“Naannoo Shawaa”
Finfinnee.
Iristee Akkawaaq. 2012: 18 “Faayidaa faaruu qaaccessa Sirna Lufiinsaa: Raaawwii Sirna
Da’umsaa Godina Jimmaa Aanaa Mannaa” AAU. Waraqaa Qorannoo MA
kanhinmaxxanfamne.
Iteenash Wolderufaa’el. 2009. “Seeccaatii Qabiyyee Walaloo Godina Wallaggaa Aanaa
LaalooAssaabii” Finfinnee.
Maatii Sabaa. 2006 : 45. Ateetee. Waaqaafi waaqeffaanna,Finfinnee, Oromiyaa
68

Misiraach Geetachoo. 2012. “Kabaja Ayyaana Gannii Facaasuu (Ateetee Loonii)” Finfinnee
Muhaammad Jamaal. 2015. Sirna kabaja ayyana ateetee /“Qaaccessa Raawwii Sirna Hoodaa
Oromoo Arsii”: Yuunivarsitii Finfinnee
Nagarii Leencoo. 1995. Wirtuu jilddii-7 Barruulee qormaata waaltina Afaan Oromoo. Gumii
Okopewho, I 1992. .African oral literature: Back Grounds,Characteristics and Continuity.
Bloomington and Indiana university press.
Nagarii Leencoo. 1995. Wirtuu jilddii-7 Barruulee qormaata waaltina Afaan Oromoo. Gumii
Punch.F. 1998. Introduction to Social Research. New Delhi: Sage Publication Indian Pvt Ltd
Suufiyaa Siraaji fi Kaawwan. 1999:1. Afoola:Wirtuu jildii 9:Barruulee Qormaata Waaltina Afaan
Oromoo,Finfinne:kan maxxanse Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaatti Qajeelcha Qormaata
Afaan Oromoo.
Tilahun Gamta Oromo English dictionary 1989; 511 Safuu Oromoo SaUnivarsity printing
press.University press.
Worqinee Qalbeessaa. 2005. Safuu: Traditional Oromoa attitudes towards the environment an
arguament for enviromentally sound development organizationfor social science research
in east Africa.(OSSREA).
Yenee’alem Araddoo. 2001. Meeshaalee faaya dubartoota Oromoo Arsii Kokkossaa, Wiirtuu
Jiildii-9 Barruulee Waaltina Afaan Oromoo. BATO
69

DABALEEWWAN
DABALEE A
Afgaaffii odeeffannoo faaruu ateetee goraa sassaabuuf qophaa’e.
Gaaffilee afaanii maanguddoota waa’ee faaruu fi sirna ateetee goraa beekan, saddeeta akkasumas
muuxannoo bal’aa ni qabu jedhamaniif dhiyaate.
Kaayyoon qorannoo kanaa barnoota afaan Oromoo, oguma barsiisuutiin sagantaa digirii
lammaffaa (MA) guuttachuuf mataduree “Qaaccessa qabiyyee faaruu ateetee goraa hawaasa
Kokkossaa biratti” jedhu ilaalchisee ragaa funaanuufi odeeffannoo gaafilee armaan gadii bu’uura
godhachuudhaan deebiin isin irraa argamu qorannoon gaggeessu kana guutuu akka taasisu ni
amanama. Kanaafuu, odeeffannoo dhugummaa qabuufi amanamummaa qabu akka naaf kennitan
kabajaan isin gaafadha.
1. faaruun ateetee maali
2. Hirmaattonni faaruu ateetee goraa eenyu fa’a ?
3. Sirni faaruu ateetee goraa yoom fa’a raawwatama ?
4. Gaheen faaruun ateetee goraa mirga dubartootaa, akkamiin kabachiisuu danda’a ?
5. Sirnni faaruu ateetee goraa kun amma sadarkaa maali irra jira/ maal fakkaata?
6. Faaruun yeroo ateetee goraa, qabiyyee akkamii of keessaa qaba ?
7. Meeshaaleen sirna ateetee goraa keessatti fayyadan maal, maal fa’a ? hiika akkamii qabu ?
70

DABALEE B.
Akaakuu Faaruu Ateetee Goraa, Gochaa fi jechaan Walqabatan faaruudhaan yoo ibsamu.
Faaruu yemmuu gorooftee manaa baatuu Faaruu saal-qunnamtiin walqabatan
Tumtichi tumee, ituu faaya Baalee Madaala hodhee, kurree itti geessa
Hin oollee dhufe, situu ana yaame Kan haadha tuqe, kan haalli dhume
Gurbaa manni eessa ?
Faaruu tuqaa jechaa yoo komatte Faaruu tumaa deettuu
Goraan mudhuqee Ee faanoo algee
Gurbaan subuqee Deettuu dhaanani
Jechaan na tuqee Harmi aananii
Faantuu dhageenye Waan uumaa malee
Waan qara hin beekne An faantuu argee..
Faaruu yoo dhugaan baatee, qalattee Faaruun komii gosaa yoo ibsattu
Gurbaa ulfinaa, kan uumaa xabboo Doodaa Kokkossaa, bultiin kombolchaa
Quubsee nuuf kenne, ee quufi abboo Maaltu naa hafe, baala naa afee
Faaruu abaarsaan walqabatan Sariitii shullee, silaa nu nyaatee
Hiddii jala teettaa, si arge Sariiniif bullee
Hiddaan gosa keessaa,si darbe Faaruu tumaa woyyuu ibsan
Gudeelcha sirkaa,cabii hokkoli Hora shaallaa’aa, haadha ofii dhaanuu
Cabii hokkoli gudeeda mirgaa. Dhagahee hin beekuu, tuni faalla’aa.
Sariitii muree Faaruu yemmuu himatamaan miliqee
Hiddatti quunqume Arroon Ameessa
Saree naan jennaan Gurbaan dabeessa
Golgatti suunsume Abbaan dhaheessa
Saree naan jennaan Quuqee nu ilaala
Golgatti suunsume Ijaan nudheessa
Abboo salphadhuu Akka waan bineensaa
Saree hanqadhu Qabaa dhiheessaa
71

DABALEE C
Gabatee1 odeef-kennitoota aanaa Kokkossaa, jaarsotaa haawwota waa’ee faaruu ateetee goraa
irratti beekkumsaafi muuxannoo qabanirraa odeeffannoo funaanname
Maqaa Saal Umrii Gahee hojii Ganda Guyyaa
a
1 Badhaasaa Baammee Dhi. 40 H.W.A.T 01 10/7/2011

2 DammeeTukaa Dub. 47 Hojjattuu Duulaa 15/7/2011


3 Guyyee Kadiir Dhi 87 Manguddoo DIKII 20/7/2011
4 H/Abdallaa Soondhi Dhi 68 Manguddoo H.Sabbuu 24/7/2011
5 Immishuu Kephuu Dhi 74 Manguddoo Guutuu 30/7/2011
6 Waariyoo Kerii Dhi 65 Manguddoo Dikii 5/8/2011
7 H/Milkii Badhaasoo Dhi 65 Manguddoo G/ Hurufa 10/8/2011

8 Buuqee Iyyii Dhi 57 Manguddoo 01 128/2011


9 Anshaa Waaqayyoo Dhi 71 Manguddoo Battala 12/8/2011
10 Qaabatoo Mariiboo Dhi 54 Hojjataa Gaaxa 12/8/2008
11 Badhaasoo Buttaa Dhi 37 Hojjataa Guutuu 12/8/2011
12 H/Ibraahim Aadam Dhi 50 Sheeka G/Hurufa 12/8/2011
13 Muhaammad Tusaa Dhi . 56 Hojjataa Guutuu 12/8/2011
14 Halkamee Joofiroo Dub. 67 Manguddoo Battala 12/8/2011
15 Sho’ee Baammee Dub. 62 Manguddoo Guutuu 12/8/2011
16 Halkamee Jaarsoo Dub. 60 Manguddoo Battala 12/8/2011

17 Dooritee Arusa Dub. 48 Qotteebul. Dikii 12/8/2011


18 Simbaa Yaayyaa Dub 40 Qotteebul. Hadee 12/8/2011
20 Bondhaa Waadoo Dhi 70 Bulaa Dayyu 12/8/11

21 Burii Waabee Dhi . 58 Qotee bulaa Guutuu 12/8/2011


72

DABALEE D
Dabaleen kun akka waliigalaatti yeroo ateeteen baatu, waan ateeteen baateef saddeenni yoo gaafatu,
himattuu: himatamaa waliin gahuun yemmuu cokan, yemmuu yakkaan tumaa haadhaatiif baatu, marii
garee, gaafiifi deebii manguddootafi haawwota waliin taasifamee akkasumas yemmuu dubbataafi ateeteen
dhuma dubbii gammachuun yaada waliigalaa walii dabarsan kan agarsiisuudha.

You might also like