You are on page 1of 4

Boqonnaa 9: Sirna Gadaa

Kaayyoo: Barnoota boqonnaa kanaatiin booda:


- jechootaaf hiika galumsaa kennita.
- gosoota walqabsiisota addaan baasuun itti fayyadamta.
- caasaa himaa addaan baasuun himta.
- Gochibsaafi gosoota isaa hima keessa galchuun hubatta.
Hiika jechootaa
1. bocu
2. maalummaa
3. mallattoo
4. calaqqisiisu-
5. Laayyoo -
6. yaa’ii -
7. luboota-
walqabsiistota
- Walqabsiistonni jechoota ykn gaaleewwan, jechaafi jecha, himaafi hima, akkasumas
keeyyattoota walqabsiisuuf oolu.
Akaakuu walqabsiistotaa
- Caasaa himootaa ykn caasaa waan walitti hidhanirratti hundeeffamuun bakka lamatti
qoodamu. Isaanis:
1. Walqabsiistota ofdanda’oo (co-ordinating conjuction) fi
2. Walqabsiistota hirkatoo (subordinating conjuction)
1. Walqabsiistota ofdanda’oo
- Jechoota, gaaleewwan, ciroowwaniifi yaadolee caasaan walgitan kan walitti
hidhanidha. Isaanis:
a. Kanneen ida’ama yaadaa mul’isan: fkn. fi, akkasumas, kana malees, itti dabalees,
akkuma, waan akka, osoo, hoo, silaayyuu,….
Fkn. Inni barumsa gaariifi muuxannoo ga’aa qaba.
.b. Filannoo yaadaa kan mul’isan: moo, yookiin, kanaa achi, kanas ta’e sana, har’as ta’e
boru, hamaas ta’u gaarii, firas ta’e halagaa,….
c. Yaada faallaa mul’isan: garuu, haata’u malee, ta’eyyuu, immoo, karaa biraa, ta’ullee, …..
d. bu’aa kanneen mul’isan: kanaafuu, kanarraan kan ka’een, haaluma kanaan,
kanaafiyyuu,....
2. walqabsiistota hirkatoo
- Walqabsiistonni hirkatoonni caaseffama himaa keessatti ciroo hirkataafi ofdanda’aa
walqabsiisuuf oolu.
Fkn. Akkuma, erga/eega, otoo/osoo/otuu/odoo, yommuu/yennaa
- yoo
- otoo...... Dura/-yyuu
- erga...... Booddee/booda
- hanga..... tti
- waan……. f(i)
- akka……tti
Fkn. Otoo loon hingaliin dura hattuun mooraa guutte.
Yoo bokkaan roobe malee margi hin margu.
Akaakuu walqabsiistota hirkatoo
- Walbira qabii: akka ta’e, akkuma
- Haalaa:Yoo, utuu… ta’ee, yoo…illee, silaa akka, kan, yoo…ta’e
- sababaa: Waan, erga…iyyuu, erga
- Bakkaafi yeroo: akkuma, booda, yeroo, yommuu, ala, henna
- Madaallii: irra…caala, irra…wayya, manna…wayya, caalaa
- Cimsituu: utuma…iyyuu, yoo…iyyuu, yoo…illee, osoo…iyyuu

Gochibsa/Ibsa xummuraa
- gochibsi: jechoota hima keessatti xummura/gochima dura galuudhaan akkaataa/haala,
sababa, yeroo, bakka, irra deddeebii gochaa tokkoofi kkf kan ibsanidha.
Fkn. Tolaan(matima) dhufe(xu).
Hima kanarraa gaaffileen armaan gadii sammuu namaatti dhufuu danda’u.
- Yoom dhufe?
- Eessaa dhufe?
- Akkamitti dhufe?
- Maaliin dhufe?
- Maaliif dhufe?... Jedhanidha.
 Gaafilee armaan oliif tokko tokkoon deebii isaanii haa ilaallu.
1. Tolaan dhufe.
2. Tolaan kaleessa dhufe.
3. Tolaan kaleessa konkolaataadhaan dhufe.
4. Tolaan kaleessa Finfinneedhaa konkolaataadhaan dhufe.
5. Tolaan kaleessa saffisaan Finfinneedhaa konkolaataadhaan dhufe.
6. Tolaan kaleessa ganama saffisaan Finfinneedhaa konkolaataadhaan dhufe.
7. Tolaan kaleessa ganama Finfinneedhaa walga’iidhaaf konkolaataadhaan dhufe.
Fakkeenyoota armaan olii keessatti himni “Tolaan dhufe” jedhu qofaa isaa “Tolaan” yoom,
akkamitti, eessaa, sababa maaliif akka dhufe sirriitti nuuf hin ibsu. Kanaafuu, dhufaatii Tolaa
sirriitti ifa gochuuf gochibsoonni baay’ee barbaachisoo akka ta’an hubanna.
Akaakuu Gochibsii
- Gochibsi baay’inaan bakka gurguddaa afuritti qoodama.
1. Gochibsi iddoo
2. Gochibsi haalaa
3. Gochibsi yeroofi
4. Gochibsi sababaa
1. Gochibsi Iddoo
- Iddo gochi tokko itti raawwatame kan ibsudha.
- Gaaffii ‘eessa?’ jedhuuf deebii kennuuf kan fayyadudha.
Fkn. Keessa, ala, gubbaa, jala, duuba, fuuldura, cinaa, maddii, irra, achi, as, ol, gadiifi kkf.
 Ganamoon mana keessa jira.
 Caaltuun siree gubbaa jirti.
 Abdiin fuuldura kee jira.
2. Gochibsa Haalaa
- Gochibsoonni haalaa akkaataa gochi tokko itti raawwatame ibsuuf gargaaru.
- Gaaffii “akkamitti?” jedhuuf deebii kennu.
Fkn. Suuta, saffisaan, hatattamaan, sirriitti, jarjaraan, humnaanfi kkf.
 Ganamoon suuta miillaan deema.
 Caaltuun hatattamaan hojii xummurte.
 Abdiin dafee dafee nyaata.
3. Gochibsi Yeroo
- Yeroo gochi tokko itti raawwatame nuuf ibsu.
- Gaaffii ‘yoom?’ jedhaniif deebii kennu.
Fkn. Kaleesa, har’a, boru, bara darbe, gaafa sanbataa, waggaa har’aa, torbee dhufu,
ganamaan, galgalaaniifi kkf.
 Ganamoon kaleessa dhufe.
 Caaltuun har’a galgala hojii xummurti.
 Abdiin ganama ciree nyaate.

4. Gochibsa sababaa
- Sababa gochi tokko itti raawwatameef kan ibsudha.
- Gaaffii ‘maaliif?’ jedhuuf deebii kan kennudha.
Fkn. Ganamoon sababa dhukkubuuf barumsarraa hafe.
Caaltuun Ganamoo waan jaalattuuf itti heerumte.

Hima
Maalummaa Himaa
- Himni qindaa’ina jechootaa ykn gaaleewwanii ta’ee kan ergaa guutuu dabarsu, kan
dhumarratti tuqaa, mallattoo gaaffii ykn mallattoo raajeffannoo fudhatudha.
- Himni tokko yoo xiqqaate kan matimaafi gochima kan qabudha.
- Akkasumas, kan dubbattoota afaanichaa biratti fudhatama qabu ta’uu qaba.
Fkn. Ifaan farda adii bitate.
Yaadashiin eessa deemte?
Ishoo! Baga gammaddan!
Kutaalee Himaa/Qaamolee Himaa
- Himni kamiyyuu caasaalee himaa lama ofkeessaa qaba. Isaanis:
1. Mathimaa (subject) fi
2. Waahima (predicate)
1. Mathima/ Gulummoo
- Gulummoo/mathima jechuun maqaa, bamaqaa, maqaafi bamaqaa ykn waan maqaa
ykn bamaqaa bakka bu’uu danda’u(gaalee, cioroo,…) ta’ee hima keessatti gochaa
tokko kan raawwatu ykn waa’een isaa himamudha.
- Abbaa dhimmaa yaanni hima sanaa ibsu ykn haasa’u jechuudha.
- Gochi sun hima sana keessatti akka raawwatu kan taasisudha.
Fkn. Abdiin baay’ee gabaabaadha.
Abdii = gulummoo

You might also like