You are on page 1of 10

Gamtaa Baratoota Oromoo Harargee

Seensa
Ummanni harargee ummata oromiyaa bahaatti argaamu fii ummata
baay’inaafi lafa baldhaa irra qubatee argaamudhaa. ummata Aadaafii seenaa,
sirna bulchiinsaa bu’uura dimokiraasii addunyaa ta’e sirna gadaa diriirsee ummata
ittin wal bulchaa tureedha. Haa ta’uu malee uummanni baay’inaa sabaa , seenaa,
Aadaa, dinagdee qaroominaa sirna bulchiinsaafi siyaasa mataa isaa ittin
hoogganamu qabu kun, hanguumaa tokkummaan isaa laaffaataa deemmuun ,
qaroominni isaa khuniis laaffaata dhufuun cimina isaa caalaa , dadhabinnii isaa
mallatoosaa fakkachaa dhufee jira.

Akkassumaa kutaaffii amantiin qooduuf osoo hin taanee , uummanni


goorroo fugug khunis akka biyyaatti barnootan, aadaan, hoggansaa sirna
gadaattin, ittii fayyadama qabeenyaa isaattin, khan dur caalaa laafaa dhufee jira.
Gamtaan barattoota oromoo harargee khan hundaa’e khunis uummannii
harargee humnaa nama baratee gahaa horachuun akka ciminasaa ganamaa san
deeffatuufi, qaama hegeree harargees, oromoos, biyyaattis murteessuu
danda’uu horachufuf yaadamme kan hundeeffameedha.

Akkuma idil Addunyaatuu, gamtaam barattoota ( biyyoota tokko tokko


keeysaatti Mootummaa Barattootaa ykn Sudents Gevernment jedhamees nii
yaamama),biyyoota garaa garaa keeysaatti haalaa biyyaatti sanii irratti
hundaa’uun mannen barnootaa , koollejjiileefii yuunivarsiitiilee keeysaatti ni
hundeeffama.

1
Dhuga qunceen wal qabatee arba hiitti, tokkoo raa lama waya. khan waliin hojate
jijjirama fidaa. Ija ija waa argaa jedhan. Namni lama khan wajjin dubbisee khan
kophaa dubbisuu ni caalaa. Biyyaa takkaa jijjiruuf humna nama baratee
barbaachisaa. Namoota baratan baayyee qabachuu irraa namoota hubatan xiqo
qabachuu caalaa. Haalaa salphaan namoottaa huubataan hoorachuuf gamtan
filatama.

Biyyoonni gamtaa barattootaa dhaabbilee barnoota keeysaatti akka


hundeeffamuuf seeraan dirqisiisanis jiru. Irraa caalaan gamtaa barattootaa
hundaa’anii kunniinis, rakkoolee waltaawaa barattootaa mudatan qofa qolachuuf
khan hundaa’aan turan. Muraasnii isaanii immoo gamtaa barattootaa hegeree
biyyaa isaanni murteessuu danda’uu ijaaruun , sirna siyaas-diinagdee uumataafi
biyyasaanif mijata ta’e uummuf yaadamee khan hundaa’aaniidhaa.

Gamtaan barattootaa oromoo harargee khunis haalaa siyaas-dinagdee uummanii


harargee keeysaa dabreefi yeroo ammaa khana keeysaa jiru irra dhaabbachuun
fuuldureen ummata goorroo fugug maal akkaa fakkaatu xinxaluun, furmaata
rakkoo goorroo fugug, hundeerraa furuufi. Goorroo fugug gama siyaasaa,
diinagdee, saayinsiifi technoolojiitiin bifa adda ta’een caasaa isa Yuunivarsiitii irraa
haangaa sadarkaa 1ffaattii gad diriirfachuudhaan, barataa oromoo kallattii yaadame
kanarrattii qindeessuun jijjirama guddaaf onnatee khan hundeeffammedha.

2
BOQONNAA LAMAFFAA

Barbaachisummaa fii kaayyoo Gamtaa Barattootaa


Oromoo Harargee
Akkuma beekamuttii, goorroo fugug keeysaattii Harcaatiin barattotaa Manneen
barnoota sadarkaa 1ffaa irra gara manneen barnoota sadarka 2ffaatti akka malee
dabalaa akka deemu ragaaleen garaagaraa nii muldhisu. Akkasuma barattoonni
dubartoota sadarkaa 2ffaa irraa gara Yuunivarsiitii dhufaan akkaamaale cima
dhufee jira. khunis khan ta’eef rakkon inni guddafi ijoon , rakkoo siyaasaafi
Hawaas-dinagge uummanni oromoo yeroo dheeraa keeysaa tureefi rakkoo
dinagdee yerroo ammaa khana keeysaa jirudha. Akkasuuma hubannaa dhabbu
irraa khan khaa’ee akkaa nama amanttin dhorkuuttii khan hubatan muulataa.

Rakkoon sabni khun waggoota dheeraaf keeysaa ture khana hiddaan buqqissuu ,
uummanni oromoo akkuma baay’inaa isaatti. Gamaa siyaasaa, hawaasummaafi
diinagdeettin, akkasumas gamaa saayinsiif teknooloojitiin, gahee akkaa biyyaattis
ta’ee Addunyaattii isarra eeggamuu akka bahuuf , humnaa lafaa dhufaa,
keeysaattuu barataa irrattii hojjechuun barbaachisadha. Akkasumas barattoonni
moraa Yuunivarsiitii keeysaatti, aanalee goorroo fugug hundaa irra khan walitti
dhufaan wan ta’eef, rakkoo aanaalee hundaa keeysaa jiruu furuuf baay’ee
mijaata. Akkuma beekkamu rakkoo uummata furuuf baratan humna guuddadhaa.

3
Gamtaan barattootaa oromoo harargee khan barbaachiseefi hundeeffameefis
rakkoolee walxaxaa biyyi teenya yeroo ammaa keeysaa bahuuf tattaafachaa jirtuu
keeysaattii ga’een baratan oromoo irraa eeggamu bahuudhaaf khan
hundeeffameedhaa. Gama dinagdee barattoonni qormaata biyyooleessaa
fudhaatanii hubanno dhabbuu irraa barnoota dhaabban, akkasuma sababa
nageenyaa irraa khan kaa’ee, maatiin dhorkaaman qoratee hubannaa khenaaf.
Gamtaan barattootaa oromoo harargee khana bu’uuraa godhaachuun humnaa
barataa abdatee rakkoo khanaa furuuf khan hundeeffameedhaa. Khana
dhugoomsuufis

4
1, Biroo barnoota oromiyaa waliin ta’uudhaan
A, Harcaattii barattootaa hambisuu
B, Barattootaa mul’ata qabu uummuu.
C, Barataa Araada garaa garaa irraa walaba ta’ee fii naanusa qabu ummuu.
D, Aadaa farra malaamaltummaa barataa keeysaatti gabbissuu.
E, Qulqullina barnootaa mirkaneessuu
F, Cehumsa teknoolojii barataa baadiyyafii magaalaa gidduttii walsimsiisuu
G, Mirga barattootaa goorroo fugug kabajchiisuuf adda durummaan ni socho’uu
H, Qorannoo garaa garaa gaggeessuf
I, Yeroo ganaa barnoota bu’uuraa(khan galgaala) nii barsiissaa
2, biiroo dargaggoofi ispoortii oromiyaa, biiroo dhimma dubartootaafiidaa’iimaa
oromiyaafii qaamolee dhimmi ilaalu biro waliin ta’uun:
A, Mirga daa’imman oromiyaa kabajchiisuu
B, mirga barattoota shamarranii kabajchiisuu
3, Abboottii gadaafii aboottii amantii waliin taa’uudhaan.
A, Heeruma umrii maalee
B, Hirmanaa gara hogaansaa sadarkaa jalqaba irra hangaa biyyooleessattii jiru
C, Rakkoo xiqqof karaa manaa murtii demmun akkaa basii guddaf hin saxilamne
5, Biirooleefii Qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun misoomaafi eguumsa nannoo
irrattii hojjechuu.
6, Gamtaa barattootaa oromoo harargee dhaabbilee barnootaa keeysaatti
hundeessuun Aadaa, Aafaanfi seenaa uummata goorroo fugug dagaagsuu.
7, Gamtaa barattootaa oromoo harargee cimaa hundeessuufii barattota goorroo
fugug gahumsa gaha qaban horachuudhaan, foormii baratoota akka
biyyaaleessaa(National), biyyoolessaa (continental) addunyaattii taasifamurratti
aka hirmaatanii muuxannoosaanii gabbifatan hojechuufii kkf.

5
BOQQOONNAA SADI
Caaseffama
Caaseffama Gamtaa barattootaa oromoo harargee
Caaseffamni hoggansa gubbaaraa khaasee hanga jalaattii bifa qindoominaa
qabuun martii keeysaatti hirmaatee adeemsifamu qaba. Caaseffamni khun dame
sadi qaba yoo ta’uu akkaa walii galaallattii hoggansaa tokkoo kan qabudhaa.
Hoggansii ol-anaan hoggansaa sadarkaa 3ffaa keeysaa filatamaa. Hoggansii dame
sadennii hoggansa ol-aanaa wajjin wal qunnammun hoj-mataa isaa gaggeeffaata.
Hoggansii ol-aanaa yaada haarawaa jiruu hoggansaa sadarkaa gadittif nii qoda.
Akkaasuma hoggansi sadarkaa gadittis wan haarawaa jiru nii qodaaf qamnii
lachuu walin ta’uun qamaa dhimmii ilaluuf dhiyeessa. Hoggansi sadarkaa
tokkoffaa yeroo baratan haaraan ramaddin yuunivarsiitii khennamuf qorannoo
gaggeesse barataa sababa dinagdeef, dhukkubaf, matii horachuun, nageenyaf, fi
kkf niif yuunivarsiitii deemu hin dandeenye hoggansa gubbattif eeruu nii khenaa.
Khanaa sababa godhachuun haarcaattif guddaf saxilaama khan jiran irraa baayyen
uummataa aanaalee gamojjii jiran yoo ta’uu irra caalaan hubanno dhabbuu irraa
khan madedhaa. Khanaaf hoggansi ol-aanaa haalaa yeroo jidduu gaala godhachun
qamaa dhimmii ilaaluu waliin furmaata laataa.

Gamtaan barattootaa oromoo harargee yaa’ii walii galaa khan gaggeefatuu ji’aa
ganna keeysaa yoo ta’uu hoggantoota sadarkaa 3ffaa ttiin taa’amma. Hoggantooni
sadarkaa 3ffaa yaa’ii isaa akkaa xummureen hoggansaa sadarkaa 2ffaafii 1ffaa tiif yaa,ii
nii gaggeessa. Yeroo khanaa irraa khan hafee koreen hojii raawwachiiftuu
gamtiichaa yeroo barbaadee yaamuu nii dandeesii. Koree hojii rawwachiiftuu
gamtichaa ol-aanaan hoggantoota sadarkaa 3ffaa irraa filatamaa. koree hojii
raawwachiftuu khanaa irraa hoggansii walii gaala filatamaa.

6
TUMAALEE WALIIGALAA
Moggaasa maqaa gamtichaa
Gamtaan khun `Gamtaa barattoota oromoo harargee` jedhamee waamama.

Asxaa gamtaa barattootaa oromoo harargee


Asxaan gamtaa barattootaa harargee odaa lafa gabbataafii magariisa irra
dhaabatu, khan jirma isaa irra kitaabnii baname jiru, sammuu odaa irra bakkalchi
halluu muldhataa ta’een jiru, khan barattoonii uffata eebbaa ykn `Gaawoonii`
uffatan , jirma odaa gubbatti harka wal qabatanii fii moggaa mirgaa kitaaba fi bita
kitaaban kofiyaa eeybaa jiran ta’a.

Hiika asxaa
A, odaa-mallatto eenyummaa uummata oromoo agarsiisuuf yaadame.
B,kofiyaan eeybaa. namoota baratee agarsisuuf khan khayame.
C, kitaabni banamaan barnootaafii beekumsa agarsiisuuf.
D, bakkalcha –barataan ummata goorroo fugugif ifata’uu agarsissuf.
E, barattoonii uffata eeybaa uffatanii oda gubbatti harkaa walqabatan –
barattoonii harargee tokkumman eenyummaa harargee cimsuu fi tiksuuf
gamtaahuu agarsiisuuf yaadameeti.

Affaan hojii
Afaan oromoo, afaan hojii gamtichaa yoo ta’uu, nii barbaachisaa ta’ee argamnan
afaanootta biros fayyadamuu danda’a.

7
Caasaalee gurguddoo sadii irraa ijaarame.
Caasaaleen sadenuu haalaa iddoo isaanii jiduu galaa godhachuun koree hojii
raawwachiiftuu nii filata. Isaanis
1ffaa caasefaama ijaarsa sadarkaa tokkoffaa :
Manneen barnootaa keeysaattii khan ijaaramudhaa.
2ffaa caasefaama ijaarsa sadarkaa lammaffaa:
Koolleejjiiwan garaagaraafii yuunivarsiitii dhuunfaa keeysaattii khan ijaaramudha.
3ffaa caasefaama ijaarsa sadarkaa sadaffaa
Yuunivarstiilee mototummaa keessaattii khan ijaramuudhaa.

Adeemsa sirna kenninsa sagalee koree giddu galeessa gamtaa


barattotaa oromoo harargee.
1 miseensonni koree giddu galeessa gamtichaa yaa’ii walii galaattin filatamu.
2 wal gahiin koree giddu galeessa gamtichaa ji’atti yoo xiqqaate al tokko
adeemsifama.
3 murtiin wol gahiin koree giddu galeessa darbuus sagalee caalmaan ta’aa.
4 barri tajaajila miseensota korichaa wagga sadiykn lamaa tahee garuu marsaa
lammaffaaf carraa filatamuu argachuu hin dandaa’aan
5 inni lakkoofsa (4) irraattii eeramee miseensa koree giddu galeessa gamtichaa
osoo bara hojii isaa, hin xumuriin rakkoo naamusaattin gamtichi muudama irraa
mulqe ykn fedhiin angoo gadi dhiise ykn miseensummaa keeysaa bahee hin
ilaallatu.
6 turtiin bara hojii koree gamtichaa koollejjii, mannen barnootaa sadarkaa
lammaffaa hanga mannen barnootaa qophaa’inaa yoo guddate waggaa lama yoo
ta’uu si’a lammaffaf filatammus hin danda’an.

8
MIseensota koree giddu galeessa gamtichaafi hojii isaanii
1, miseensotakoree giddu galeessa gamtichaa, sadarkaa
yuunivarsitiilee ,koollejjileefi manen barnootaattii koree hoj-raawwachiftuu
gamtichaa jedhamuunkhan yaamaman ta’u.
2, koreen hoj-raawwachiftuu yuunivarsiitiichaa ykn koollejichaa ykn mana
barumsichaa yaa’iin walii galaa yuunivarsiitiichaykn koollejicha ykn mana
barumsiichaattin filama.
3, koree hoj-raawwachiftuu gamtichaa koree giddu galeesa ni filata.
4, koree hoj-raawwachiftuu gamtichaa piresdaantii gamtichaa ittii aanna
piresdaantii fi barreessaa gamtichaan ni filatama.
5, piresdaantiin mirgaa sagalee khennuu hin qabu. Garuu yeroof barreessaa koree
hoj-raawwachiiftuu ykn koreen giddu galeessaa ta’ee hojjechuu nii danda’aa

Miseensota koree giddu galeessaa

Miseensonni koree giddu galeessaa walgahii yaa’ii waligalaattiin khan filatam yoo
ta’uu ulaagaan filannoof isaan dhiyeessuu danda’us:-
1, barataa buleessa ta’uu qaba.
2, mooraa isaa keeyssattii tattaaffii eenyummaa goorroo fugug guddisuu, hafuura
tokkummaa barattoota goorroo fugug gidduutii tiksuuf, barattoota hundaa biratti
fudhatama khan qabu fi khan miseensota gamtaa barattootaa orommoo harargee
mooraa isaattin filatamee ta’uu qaba.
3; miseensi haala khanaan mooraa isaa irraa filatame,koree giddu galeessaattif
dorgomuudhaaf, muuxannoo erga mooraa mana barumsa irraa seenee qabu,khan
kaayyoo gamtaa barattootaa oromoo harargee waliin wal simu, nah in jifachiisuu
danda’a jedhee amanee fi yaada haarawa burqisiisee koree jidduu galeessa
buleessaaf dhiyeessa. Koreen giddu galeessas yaada ini dhiyeesse
dhaggeeffachuun, yaadichi kaaayyoo gamtichi dhaabbateef bu’aa ini gumaachuu
dandaa’uufi qophaa’inaa fii fedhii miseensi sun gamtaa khana tajaajiluf qabu irraa

9
kha’uun sagalee khennaaf. Haaluma khanaan miseensota dorgommiif dhiyaatan
keeysaa tartiiba sagalee koree giddu galeessa buleessi khennanin:
1ffaa Piresdaantii gamtichaa
2ffaa Ittii aanaa piresdaantii
3ffaa Barreessa gamtichaa ta’un ergaa filatamani booda,miseensota koree giddu
galeessaattif dorgomaan keeysaa piresdaantiin haarawa ni filatame
qindeessitootaafii dura ta’oota dameelee hafan nii muuda.

10

You might also like