You are on page 1of 3

Asoosama gabaabaa seenaa dubartii Oromoo Gujii

    Hin dhageenne / I did not know it

Halkan wolakkaa ture.  Onneen isi’ii boqonnaa dhaddee, sammuun isi’ii addaan dho’uuf ka’ee obsuu
dadhabnaan imimmaan dhangalaasaa hirriiba keessaa kaate, Ruufo. Ruufo heerumtee haadha ijoollee
lamaati. Aanaa Bulee Horaa bakka Surro jedhamutti dhalatte. Abbaan manaa isi’ii gaafa rakkinni dhufe
“ani Gujii dha”, gaafa nagayaa immoo “ani gosa biraati” kan ifiin jedhu ture. Silaa nami dabarsii worri
isaa keessa dhufe quba hinqabne, jiruufi jireenna isaa keessa dhoksaan hedduun jiraachuun isii maaniin
beeka? Ruufolle tanuma teete. Osoo quba hinqabaatin diina heerumtee ilmee horteef. Ilmeen diinarraa
dhalatte maal taati? Gaafa seenaa dhuga’aa baratte maal ifiin jetti? Diina moo fira ifiin jetti? Furmaata
yoo dhabde worra isi’ii kan ifii jaamanii isii jaamsaan, kan dhiiga isii’ii kan ormaatiin wolitti makan osoo
abaartuu jireenni isi’ii dabarti.Yokiin immoo waanuma biraafa…!

Ruufo Surrotti dhalattuu malee seenaa Surroo dhiisii waan abbaan isi’iituu ittiin du’e quba hinqabdu.
Nami isii guddise kunille waan qulqulleessee itti hime hinqabu. Isuma abbaan isii duulloomee waaqni
fudhate, yokiin kan harki namaa jiruu itti gabaabse, yokiin kan bineensi hamaan isa take  te’uusaa ilaafi
gurraa hinqabdu. Wonni isiin beettu abbaa isii ijoollummaan irraa akka du’e oduu hinmiikaneeffatin
takka gurra qabdi. Sababni isaa wanta Surrotti worra isii irratti raawwatame isiinu hin dhageenne.
Abbaan isi’ii eennuu akka te’e maqaa isaayyuu nama duri seenaa abbaa isi’ii beeku tokkotti bara isiin
dureessa tokkoof kennamte itti hime. Nami sunnille dubbii gadi fageesse itti hinibsine. Dhugaa isaa kan
bartee fi abbaan isi’iitii fi firoonni isi’ii hundi diida Surrootti akka qoraanii kan ibiddaaf nyaata te’an erga
woggaa afuriif nama du’a worra isi’iitiif sababa kan te’e hammattee ciifteeti. Kan isii guddise nama Gujii
hin te’in tokko gaafa Gujii Surrotti fixan erga worri isi’ii dhumuu baree isii fudhatee guddifate, worruma
gaafa san loon worra isi’ii dannabee, worra isi’ii ficcisiisee, seenaa worra isii buqee dhokse keessaa tokko
ture.Dhumarra gaafa isiin kutaa kudhan barattu “intalli tun barumsaan cimtuu waan teeteef, seenaa
worraa isi’ii qorattee diina nutti teeti” jedhee waan yaaddoweef isii sossobee abbaa qabeenya tokkotti
heerumsiise, abbaan isii guddise.Odeeffanno sirrii argachuu baattulle, abbaan isi’ii nama cimaa te’uu
isaatiifi wonni inni du’een dhokatuun isi’ii garaa isii nyaateera.Namtichi seenaa kana isitti hime karaa
adeemaa waan  tureefi, lamatta deebitee isa hin argine.Garuu dhugummaa dubbii isaa caalatti baruuf
sammuun isi’ii boqonnaa dhabeera. Ragaa dabalataa barbaadaa jirti.

Maqaan abbaa isi’ii sun sammuu isii keessatti hafe—“Gurrachi Geeloo kun nama akkamiiti” jedhee nama
gaafadha moo “maal te’a?” jettee osoo dhiphattuu gaafa tokko kitaaba waa’ee seenaa Gujii irratti
barreeffame tokko nama harkatti argite irraa fuutee ilaalte. Osoo kitaabichaa bantee baafata isaa
ilaaltuu mata duree “The holocaust of Surro: A concealed reality” jedhu argite.  Achitti dhalatte waan
jedhamteef ariifattee dubbisutti teettee. “Dhugaan dhokatte tun du’a abbaa kiyyaa ifi keessaa
qabaachuu dandeetti” jedhaa osoo dubbistuu jirtuu namoota gaafa san lubbuun isaanii ibidda
rasaasaatiifi ibidda mukaatiin woreegamte maqaan isaanii tarreeffanii argite. Osoo maqaa namootaa
tokko tokkoon dubbistuu maqaa abbaa isi’ii Gurraacha Geeloo Girjaa isa jedhu argite imimmaan ila
isiirra osoo yaa’uu ajjeechaa gaafa sana Gujii irratti raawwatamu keessaa eennu fa’a akka harka qaban
soqutti teette. “Dhiigaan na nyaachisanii diina abba kiyya ijjeese immoo dhirsa naaf godhanii na
hammachiisanii na wajjiin bulchanii” jettee boyaa dhumarra dhiiga abbaa isi’ii baasuuf kutattee kaate.
“Erga gaafa san jiraachuu baadhee, ekeraan abbaa kiyyaa achii teettee na komatuurraa abbaa worraa
kiyya kana lubbuu abbaa kiyyaatiif yaadannoo godha” jettee murteessitee galte. Gujii te’uu isi’ii hin
beektu jedhee waan amanuuf galgala tokko akkuma amala isaa “Gujiin kun jabaattee qindoofnaan lafa
teenna tanarraa nu kaasaa, jabaannee mala adda addaatiin ifi jala galfachuu qabna” jedhee obboleessa
isaa isa mari’achiisu teettee dhageetti. Malli namtichi baasaa jiru caalatti garaa isii jabeesse. Namtichi
dhuguma dhirsa osoo hin te’in nyaapha te’uu isaa isi’iif mirkaneesse. “Isumaayyuu ka worraa kiyya fixee
na hanqate jedhee saba kiyya fixuuf karoorfataa” jettee guddoo garaa hammaatte.

Akkuma hirriibni isii fudhateen wanti guyyaa dubbiste- ijjeechaaniifi balleessaan sanyii kan worra
isi’iirratti raawwatame dhufee hirriiba isii dhooggee: bo’ichi namoota galma guddaa keessatti wolitti
qabamanii rasaasaan tumamanii reeffi isaanii ibiddatti affeelame; garaa  jabeenni loltooti Mootummaa
Dargi’ii uummata nagayaa lafa isaa qotatee, loon isaa tikfatee jiraatuu malee osoo womaa hin balleessin
lafaa fi horii isaatiif jedhamee buunshoo godhame hundi ila isi’ii dura deeme. Buunshoonille kabaja
qabdi bishaniin okkotetti affeelamtee namatu nyaataa, Gujiin gafas garuu Galma Surroo keessatti
ibiddatti  affeelaman. Bishaan osoo hinta’in dhiiga isaaniitu gaafa san bishaan ta’ee itti affeelaman. Kan
foon isaanii nyaate rasaasa lubbuu hin qabne; kan dhiiga isaanii dhuge biyyee isaanii qulqulluu kan
dhiiga diina isaaniitu dhugdee hin beeknee dha. Gaafa san biyyeen Gujii dhiiguma Gujii deebitee dhugde.
Kan Ruufotti mul’ate naaftanyicha, Meejer Tekilee Wolde’ee jedhamu kan tee’ee bo’icha, waakaa fi
gidira saanyii isi’iitti murgifatuudha. Isaaniif waca du’a ittiin simatan ture; isaaf garu gammachuu fedhii
isaa guutateef foolee foon isaanii kan ibiddi dhaabbitti waxalu kan inni tee’ee funfatutu itti mul’ate.
Battala sanatti yoo rifattee kaatu bobaa diinaa keessa teettee boyaa jirtu ifi argite. Osoo wanti boottuuf
sun irratti beekkamee, caarraan isiillee kanuma worra isii te’uu beektee murteeffattee kaate. Kan seenaa
worra isi’ii dhoksee, eenyummaa isii awwaalee, du’a worra isi’ii dhiigaan isii nyaachiisee niitii isii
godhatee, isii hammatee ciisu kana seenaa isaa gabaabsu feete. Gaaffii ijoolleen isiin diinaaf horaa jirtu
boru isii gaafatantu itti mul’ate. Gaafa kitaaba isiin dubbiste kana dubbisanii ilmaan diinaa te’uu baran
isiinille gaafii isaaniitiif deebii kennuu akka hindandeenne hubatte. Silaa gaafa dhugaan saaxilamte worra
dhiisii ormi shira hojjateeyyuu gaabbuu hin oolanuu, ijoolleen kunniin amma na hidhiisan jettee guddoo
yaaddofte.

Halkan wodhakkaa cinaa taqee/siree ifii kaatee dhaabatte. Sila tanaan dura nama ijjeettee hin beektu
jaarsicha kana akkamitti akka xumurtu wolii wollaalte. Yoo irratti beekee inni akkuma abbaa isii akka isii
galaafatu itti muidhannaan taqeedhuma jalaa gadi jettee sholee/billowa lafaan ciran fudhatte. Akkuma
lafaa fuuteen jaalalli abbaa manaa ifii woliin dabarsite fi waadi isaaf galte itti mul’ate. Ijjeesuu motii,
lubbuu tiyyaa siif kenna jettee kan durii waada galteef amma immoo lubbuu isaa keessaa baasuuf itti
gamuun isii waadaa diiguu itti fakkaate. Guyyaa jalqabaaf jaalala isaa dhandhamatte sana yaadatte. Kan
akka abbaa fi haadhaa itti boqattee waggoota afuriif woliin jiraatte kaleessa diina te’uu isaa beettee
diina itti te’uuf jirtu dhaabattee yaadde. Ijoollee isaaf deette tanalle abbaan isaanii maaniin akka du’e
maan jettee akka itti hintu yaaddoo keessa galte. Dubbii gara itti qaddu wollaaltee jennaan achuma
dhaabattee bootte. Daqiiqa muraasa duuba namtichi karoora isi’ii kana irratti beekee boru ganama waan
isii ijjeesu itti fakkate. Sababni isa yeroo hedduu “waan ati garaa keetti yaaddu ni beeka” waan inni isi’iin
jedhuuf “dhuguma  namtichi kun umriidhaan waan na caaluuf waan ani garaa kiyyatti yaadu ni beeka”
jette qalbii lama teete. “Abbaa kiyya moo abbaa worraa kiyya; seenaa moo jaalala; dhiigaan nyaachuu
moo dhiiga basuu; gaafii seenaa kan ijoolleen tiyya boru kaasanuun dhiphachuu moo har’a dirqamaa
qabu ba’uu….” Waan hedduu altokko yaadde. Gartuu yaadaa kana gidduu osoo dhaabattee boottuu
namtichi hirriibaa dammaqee ifi biraa isii dhabee sosocho’uu isaa dhageettee yoo isiin billowa lafa
keettu “ Ruufa tiyya eessa deemte ati” jedhee isii yaame. “Ruufa tiyya” kan jedhu maqaa jaalalaa inni isii
ittiin yaamu ture. “Fincaaniif ka’e” jetteen. Akka isiin sobde waan hin beekneef “koottu ka Ruufa tiyya!”
jedhee deebi’ee rafe. Jechi jaalalaa sun garaa isii caalatti booressinaan imimmaan lolaasa dugda itti
galtee irkatte. Imimmaan ila isi’ii keessaa ka lolaasaa jiru fi onnee isii kan iitesseeru du’a abbaa isi’ii kan
dhaabbitti ibidaan waxalame du’e, ka isiin ilaan dhaggitee hin beekneedha.

Gurraacha Geeloo Girja nami jedhamuu janna Guji’ii ka gurri fulla’e ture, kan dhiiga Gujii hedduu baase
kan isaa nama baasu dhabe. Intala isaalle seenaan jala dhokatee, diinni abbaa isi’ii ijjeese hammatee
ciisee ilmee irraa horataa jira. Xiiqii kanatu eenyummaa isi’ii dhunfatee ifi jala olchinaan abbaa mana ifii
kan jaallattutti gara galte. Dhugatu ifa bayee, seenaan dhokate argamee, worra seenicha awwaalaniif
guyyaan isaanii geye. “Hidda moo xandhachatti irra dhiiga” mammaassa  jedhu yoo yaadattu dhiigni
abbaa isi’ii keessa isiitii finiine, dhiiga gootaa waan te’eef onnee intala gootaa iteesse. Dhiphinna hedduu
duuba yaada isi’ii hobbaafatte. Sammuun isi’ii “qara maaliif diinaa heerumtee amma ijjeeste?” jedhee
gaaffii itti kaasnaan “ duraani ‘hin dhageenne!’ amma dhageennaan dhiigni gootaa gootaaf fincile” jettee
deebii qubsa sammuu isiitiif deebitee baatee qajeelte.                                                               

Ayyelee Kebbedeetiin, Onkololeessa 30, 2011 barreeffame.

Kan dubbisnerraa isiniif qoodne!

You might also like