Professional Documents
Culture Documents
Ji’a
Waxabajjii bara 2002.Guyyaansaa Dilbatadha.Guyyaan kun guyyaa boqonnaakoo waan
ta’eef hiriyaakoo dhukkubsatee mana waldhaansa fayyaa,Xuqur Ambassaa ciisee
waldhaanamaa jiru gaafadhee, sana boodammoo nama meeshaa daldalaa biyya alaatii naa
fichisiisuutti horii kennuuf sagantaan qabadhe.Manni waldhaansa fayyaa Xuqur
Ambassaa kun keessummoota dhukkubsattoota dubbisuu barbaadaniif sagantaa baase
irratti, Guyyoota Dilbataafi Sanbataa sa’atii7:30-10:30tti, Wiixataa hanga Jimaata
waaree boodaatti sa’atii 11:30_1:30ttii, Ganama ammoo sa’aatii 12:30-1:30tti waan
ta’eef hiriyaakoo Haatoluu jedhamuu wajjin iddoo lamaanuu deemuuf ganda Birbirsa
Gooroo (Piyaassaa)kaafee Cheentirootti sa’atii ja’atti wal beellamne.
Ani yeroo fedhe yoo ta’e sa’aatii beellamaakoo nin kabaja.Dhaabbata daldalaakoo
keessattiifi hiriyootakoo biratti haalakoo kanaanin beekama.Walumaa galatti
sa’aatii beellamaa kabajuun aadaakooti jechuu nin dnda’a.” Jedha namtichi kabbadaa
jedhamu.Nama umriinsaa waggaa 40-45ta’udha akka tilmaamakootti. Seenaasaa kana
isatu seenessa.
“Gaafa sana sa’aatiitti iddoo beellama keenyaa dursee kan ga’e ana.Konkolaataa koo
Liifaan jedhamtu gamoo Araadaa jala dhaabee korojoo horii keessatti qabadhe
gatiittii koo’rratti diradhee, konkolaataa koo cufee,shugguxii mudhii koorraa
jajjabeeffachaa, yeroon mana kaaffee kana ga’u sa’aatiin 6 ta’eera.Manni kaaffee
kun karaa dura waan ta’eef gabaa guddaa qaba.Yeroon achi ga’u kursii duwwaa kan
namni irra hinteenye dafee argachuu hindandeenye.Xiqqoo dhaabbadhee bitaafi mirga
ilaalee, kursiin duwwaa natti muldhachuu didnaan gara boodaatti yeroon ofirra
garagalu, naduubaan kallatii moggaa tokkoon miinjala kursiin sadii itti marsee jiru
kan namni irra hin jirre argadheen taa’e.
Sa’atiin hiriyaakoo itti beellame darbuusaa utuman beekuu sa’atii harkakoo ammas
ammas ilaalaa,achumaanis intalattii ija hatee ilaaluu ittin fufe.Isheenis akkuma
koo sa’atii harka ishee al kudhan ilaalaa, Maakiyaattoo ishee unachaa, Mobaayilii
ishee baastee bilbilte.O!O!O!Mobaayiliin ishee kan abbaa kuma kudhaniiti.Yaabiyyee
nanyaadhu ! dhiiraa wajjin kan dubbattu ta’uu ishee haasaa isheerraan
hubadhe.Dhiira beellamtee kan duraa hafe natti fakkaata.
“Anis kunoo hiriyaakoo gara sa’atii tokkoo eegeera.Rakkoo isarra ga’e hubachuuf
bilbillaanis bilbillisaa hin deebisu jedha.Utuun isa eeguu laaqana hin nyaatinin
jira.Amma garuu obsakoon fixadhe.Utuun isa eeguu beelli natti jabaate”.Jedheen akka
qoosaa dubbadheen ofumakootiif kolfe.Isheen garuu akkakoo hin kolfin malee akka
kolfuu taatee ilkaan ishee isaan adii, hidhii ishee isaan haphii, haalluu diimaa
dibamanii goraa bilshaate fakkaatan, saaqxee kolfakoo tumsite.
“Sirriidha”
“Rakkoonillee hinjiru.”
“Maal yaaddofteree ?”
Shankoriinaa wajjin tokko lama jennee haala kanaan wal barre.Mana kaaffee
Cheentiroo kana Keekii malee laaqanni nuti barbaadnu sababii hinjirreef hoteela
guddaa tokko waliin deemnee nyaata ajajannee nyaanne.Biiraas ajajannee
daddabalannee dhugne.Amma haasaa dheeraa booda sirriitti walitti madaqne.
Egaa haala kanaan erga walitti madaqnee, mana ciisichaa hoteelichaa tokko
seennee,akka xinnoo boqonnun ishee gaafadhe.Isheenis daftee deebii naaf hin
kennine.Xinnoo erga yaadaa turte booda haala tasgabbaa’een ;
“Ani jaalallee qaba.Isa malee dhiira gara biraa wajjin ba’ee hinbeeku. Siwaliin
garuu haalli ittiin walbarreefi waliin amma teenyu nadinqa”.jettee kofalte.Anis
ishee wajjin xiqqoo kolfeen mammaksa Oromoo isa,”Mana haadhakoon dhaqa jettee goraa
bira hindarbin”jedhamu gara Afaan Amaaraatti hiikef.Ammas akka kolfuu taate;
Sirni affeerraakoo kan hoteela kana keessatti raawwatamu erga dhume booda,ganda
isheen mana kireeffadhe jette ganda Qarsaa (Kaazaanchiis) konkolaataa
Liifaaniikootiin dhaqne.
Manni isheen kireeffadhe jettu kun Mana Viillaa bareedaa ammayyaa si’a ta’u,
naannoo dallaa gimbii manichaa wajjin wal qabatanii,Supheefi dhagaa Ambootiin
manneetiin kutaalee kudha lama wal qabatanii ijaaraman jiru.Ani yeroon gara mooraa
kana keessa seenu hin hubanne malee Peensiyooneedha (mana ciisichaaf
kireeffamanidha.)Manni Viillaa guddaanis akkasuma.Mana Viillaa guddaa kana yeroo
seennu Soofaan bareedaa keessummoonni irra taa’an jira.Kutaaleen ciisichaa
baayi’eenis mana Viillaa kana keessa jiru.
Egaa akkuma ol seenneen Shankoriinaan soofaa guddaa kana harkaan natti agarsiisaa
akkan yeroof irra boqodhu na’affeeraa; “Furtuu fideen dhufa” jettee gara intala
teessee nama keessummeessitu (receptionist) deemte.Korojoo ishee keessaa birrii
hamma ta’e itti kennitee furtuu fiddee dhufte.Harkaan nawaamtee gorduuba mana kanaa
keessaa karaa borootiin baane.Manneetii ciisichaa kudha lamaan gidduudhaa lakkoofsa
tokko furtuu harkatti baattuun bantee ol itti seenne.
Kutaan ciisichaa kun gorduuba xiqqaa kan qabu si’a ta’u kursii xixiqqaa lamaafi
miinjala xiqqaa tokko,siree bareedaa,Saanduqa uffataa dhaabbatu kan keenyan manaa
wajjin walqabatee tolfame qaba.Kutaan dhiqannaas akkasuma baayi’ee
ammayyaa’adha.Baayi’ee bareeda.Walumaa galatti keessi mana kanaa baayi’ee
bareedaadha.Shankoriinaan akkan taa’u harkaan siree natti agarsiisaa;
”Manni ani ji’a sadiif kireeffadhe egaa kana fakkaata ! Eenyu jettee maqaakee ?”
“Kabbee ! Diraamaan keenya kun asirratti raawwata” Naan jette. Kursii irra deemtee
miila ishee walirra naqattee teesse. Edaa isheen hoggantuu hattootaati. Ani kana
hin hubanne.Horii hallayyaa marga duubaan jiru utuu hin argin marga dheedhuuf itti
gamun ta’e.Hattuun shugguxii natti aggaamee;“Okke ! qajeelfama amma ani siif kennu
raawwadhu.Harka kee lamaaniin mataa kee qabadhuutii siree ciisturraa gadi bu’ii
jilbeenfadhu.”naan jedhe.Anis “Yaabiyyoo nanyaadhu!”jechaa akka mucaa wallaaltuu
boo’aan akka isaan na ajajan jilbeenfadhee harka koo lamaaniin mataa koo qabadhe.
Hattooti kunniin erga qabeenya koo sassaabbatani booda natti kolfuufi qoosuu
jalqaban.Furtuu konkolaataakoo dabalatee qabeenyakoo hundumaa erga narraa fudhatani
booda,inni tokko “Eenyu maqaan isaa Jeerii?“jedhee Shankoriinaa gaafate.Edaa
maqaanishee Jeeriidhaa?”Eenyu maqaan isaa Jeerii?”Jedhe irra deebi’ee.”Ani eessa
abbaasaattin isa beeka.Kabbadaa naanjedhe.Isin garuu Kabbee yoo jettanii waamtan
nigammada.Kanaaf Kabbee!Jedhaatii waamaa !Jettee ammas kofalte.Isaanis wajjin
kolfani.Kolfa isaanii erga raawwatani booda inni tokko:“Kabbee!”naan jedhe.Anis
“Abeet!” jedheen owwaadhe.Ammas sadan isaanii altokko natti kolfaa erga turan
booda;”Amma butaantaakee uffadhu.Garuu intalattii kanaaf sirriitti qophooftee
turte”. Jedhanii ammas natti kolfani.”Amma kana booda baatee akka deemtu sii
hayyamna ! Garuu karaa balbalaamoo karaa foddaa ba’uu barbaaddaa?”
Tarii bayyaannatanii akka natti hin dhukaasneef Shugguxii hattootaa utuu harkaan
itti hin bu’in quba miillakootiin isaanirraa fageesseen sochiisaanii dhaggeeffadhe.
Inni Shugguxii natti aggaame battalaan lubbuunsaa keessaa harattee baate.Onnee
isaarran dhaye. Intalattiifi hatichi tokko ammoo rasaasi jilba isaanii dhoofte
baayi’ee sababii isaan miiteef ciisanii aadu.”Maaloo nunajjeesin” jedhanii
nakadhachuu jalqaban malee socho’uu hin dandeenye.
Yaa biyoo nanyaadhu.”Harkaan idaa sanyoon nama dhaana” jette niitiin.Kana booda
reeffa hattuu du’e sanaa baatanii kutaa dhiqanaa keessa akka galchanin isaan
ajaje.Yoo kana gochuu baatan isaaniinis adda adda isaanii dhayee akkan isaan
ajjeesu akeekkachiisnaan utuu aadanii reeffa hiriyaa isaanii lafarra harkisanii
mana dhiqannaa keessa galchan.Yeroo kana sadan isaanii mana dhiqannaa sana
keessatti furtuudhaan balbala irratti cufeen furtuusaa korojookoo keessan ka’e.Kana
booda uffatakoo uffadheen qabeenyakoo hundumaa fudhadheen balbala mana ciisichaa
sanas furtuudhaan irratti cufeen furtuu isaas fudhadheen konkolaataakoo keessa
bu’een mooraa sanaa ba’e.”