You are on page 1of 20

Qaaccessa Waldiddaa Asoosama Dheeraa Gurraacha

Abbayyaa : Yaadiddama Bifiyyeetiin

Raajii Asaffaa Dureessaatiin

waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Tokkoffaa Afaan


Oromoo Fi Og-barruun Guuttachuuf Qophaa’ee,
Muummee Afaan Oromoo Fi Og-barruuf Dhiyaate

Yuunivarsiitii Odaa Bultum Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa


Fi Namoomaatti Muummee Afaan Oromoo Fi Og-barruu

Onkololeessa, 2014

Ciroo, Oromiyaa

1
Yuunivarsiitii Odaa Bultum Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa
Fi Namoomaatti Muummee Afaan Oromoo Fi Og-barruu

Qaaccessa Waldiddaa Asoosama Dheeraa Gurraacha


Abbayyaa : Yaadiddama Bifiyyeetiin

Maqaa Qorataa : Raajii Asaffaa Dureessaa

Gorsaa : Mokonnon B. (MA)

Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Tokkooffaa Afaan Oromoofi


Ogbarruun Guutachuuf Qophaa’ee, Muummee Afaan Oromoo Fi
Og-barruuf Dhiyaate.

Onkololeessa, 2014

Ciroo, Oromiyaa.

2
BOQONNAA TOKKO: SEENSA

1.1. SEENDUUBEE QORANNICHAA


Ogbarruun karaalee jiruuf jireenyi dhala namaa ittiin dhihaatu keessaa isa tokko dha.
Hayyoonni addaa addaa ogbarruu karaa addaa addaa hiiku. Asaffaa (2009:20) "hog-barruun
dabarsa aadaa uummataa fi galmee jiruufi jireenya ilmoo namaa kan hubannoo, beekumsaa fi
muuxannoo sadarkaa addaa addaatti qabanidha." Jedha. Yaada kana irraa kan hubannu
ogbarruu jechuun ogummaa jiruufi jireenya hawaasa tokkoo keessatti calaqqisan kan
ibsinuudha.

Og-barruun ogummaa kalaqa waa uumuu ta'ee kan muuxannoo jiruu fi jireenya haqa irratti
ittiin bu’uuressinuufi ammoo akka qabatamutti, miidhagsinee , faayinee ittiin ibsinuudha.
Akkasumas Og-barruun mala ittiin waan hawaasummaaf bu’aa qabu tokko (social
significance) waliif dabarsinu, waan immoo beekumsa ilmaan namaatti waa cobu ittiin walii
galaafnu. (Asaffaa, 2009:21-22)

Egaa og-barruun oguma waa uumuu ta'ee muuxannoo jiruu fi jireenyaa ilma namaa karaa
nama hawwachuu danda'uun deebsee hawaasaaf ibsuuf dandeettii kan qabuudha.

Asoosamni gosa ogbarruu ammayyaa ta'ee seeneffama sammuu barreessaatiin kalaqamee bifa
hololootiin kan dhiyaatudha. Asoosamni jiruufi jireenya hawaasaa bifa argaa yaadaatiin
suuressee kan mul'isudha. Asaffaan, (2009:25-26). asoosama yoo ibsu

"Asoosamni hojii barruu sammuu namaatiin uumamee dubbisaaf dhiyaatudha.


Barreessaan asoosamaa tokko dhugaa jirurratti hundaa’ee amala , sansakaa,
hubannoo, fikkf namoonni hawaasa keessatti qaban sana qooddattoota uffisee
ergaasaa kan dubbistootaaf ittiin dabarsudha." Jedha.

Yaada kanarra wanti hubatamu asoosamni hojii kalaqaa ta'uu fi calaqqee dhugaa hawaasaa
deebisee hawaasaaf kan ibsudha. Egaa, asoosamni hojii yookiin kalaqa sammuu
barreessaatiin uumamee akka nama hawwachuu danda’utti kan suureffamee argaa yaadaatiin
dhiyaatudha.

Barreessaan asoosama tokkoo dhugaa jiru irratti hundaa’ee amala, sansaka, hubannoo
namoonni keessatti qaban sana qooddataan uwwisee ergaa isaa kan dabarsuudha.

3
Gooroowwan ogbarruu keessaa asoosamni kan barreessaan ofii isaatii waan hawaasa keessa
jiru bifa barreeffamaan deebisee kan dhiheessuudha. Yaada kana ilaalchisee Misgaanuu
Gulummaa(2012) akkas jedha, Asoosamni akaakuu ogbarruu barreessaan tokko gochaalee
addunyaa dhugaa keessatti namoonni hawaasa keessa jiran raawwatan yookkaan
raawwatamuu danda’an ka’uumsa godhatee akka hubannootti ilaaluu isaa fi dandeettii
barreessaan kalaquu isaa qindeessuudha” jedha. Kanaafuu, asoosamni ta'iinsota dhugaadhaan
addunyaa kana irratti mul'atan irratti hundaa’uun sammuu barreessaatiin kan kalaqamudha.

Haaluma walfakkaatuun asoosamni kallattii hedduun jireenya ilma namaa kan dhuunfaa fi
hawaasaa gamtaan jechoota midhaaginna qabaniin fakkii yaada barreessaatiin kalaqame bifa
hawwataa ta’een kan dhihaatuudha. Akka waliigalaatti asoosamni fakkii jiruu fi jireenya
hawaasaa kan agarsiisu, akka daawwitiitti kan keessatti of ilaalaniidha. Asoosamni caacculee
heddu of keessaa qaba. Yaada kana ilaalchisee Misgaanuu Gulummaa (2012) akkas jechuun
ibsa, ”Caacculeen asoosamaa jargocha, ergaa, qoodattoota, waldiddaan kan ergaa isaa
dabarsuudha” jedha.

Seenaan asoosamaa Oromoo seenaa yeroo dhiyooti. Afaan Oromootiif qubeen madaqfamuufi
afaanichi afaan barreeffamaa ta’uusaatiin walqabatee dhabbachuu mootummaa cehumsaa
(1983 A.L.I) booda asoosamoonni Afaan Oromoo baay’inaan barreeffamuu eegalan. Isaan
keessaa hangafoonni Kuusaa Gadoo, Gaaddisaa Birruutiin (1983 A.L.I), Godaannisa 1992
A.L.A Dhaabaa Wayyeessaatiin; Suuraa Abdii bara 1993 A.L.A tti Kumsaa Buraayyuutiin,
Booree Booranaa bara 1993 A.L.A Abarrraa Hambisaatiin, Hawwii bara 1995 AL.A tti
Isaayyaas Hordofaatiin, Dirmammuu 1995 A.L.A tti Taklee Qinaaxxiin, Dhaamsa Abbaa
bara 2002 A.L.A tti Gaaddisaa Birruutiin, Gurraacha Abbayyaa bara 1996 A.L.A tti Dhaabaa
Wayyeessaatiin fi kan biroo. Haa ta'u malee asoosama kanneen dura " Huursaa' jedhamu bara
1976 A.L.I Luba Dafaa Jamootiin barreeffamuu isaa ragaan ni ibsa. ( Dassaaleny, 2008)
Walumaagala asoosamootni Afaan Oromootiin barreeffamanii maxxanfamuu eegaluun
seenaa yeroo dhiyooti. Erga barreeffamanii maxxanfamuu eegalanii garuu barruuwwan
asoosamaa hedduun maxxanfamanii jiru.

Asoosamni kan ofitti nama hawwatuu fi dubbistoota hin nuffisiifne ta'uu qaba. Kana
qabaachuuf immoo haalli asoosamichi itti ijaaramu murteessaadha. Haalawwan ijaarsa
asoosamaa keessatti immoo ciminni waldiddaa asoosamichaa murteessaadha. Sababni isaas,
jaargochi lafee dugdaa asoosamaa akkuma ta’e waldiddaan immoo jaargochaaf bu'uura.
Kanaaf qorannoo kanaaanis waldiddaawwan asoosama dheeraa " Gurraacha Abbayyaa "

4
keessa jiran yaadiddama qeeqa og-barruu keessaa yaadiddama bifiyyeetiin qaacceffaman
qaacceffamaniiru.

1.2. KA’UMSA QORANNICHAA


Kaayyoon guddaa qorannoo kanaa waldiddaa asoosama dheeraa "Gurraacha Abbayyaa"
qaaccessuurratti xiyyeeffata. Asoosamni immoo dhimma hawaasa tokkoo kan
calaqisiisuudha. Gama biraatiin asoosamni jiruufi jireenya hawaasa tokkoo hawaasa kaaniif
ibsuufi haala guddina hawaasa sanaa calaqisiisuuf gargaara. Haalli kun immoo waliitti
dhufeenya hawaasa garagaraaf bu'uura ta'a. Asoosamoota afaan tokkoo karaa adda addaatiin
qeequun ciminaafi hanqina isaanii adda baasuunguddina afaan tokkoof murteessaadha.
Guddinni kun akka dhufuuf asoosamoonni of eeggannoon barreeffamuu qabu. Asoosamni
tokko yemmuu barreeffamu wantoonni of keessatti hammachuu qabu keessaa caaccuuleefi
akkaataan barreeffama asoosamichaa kanneen murteessoo ta'anii dha. Caaccuuleen immoo
hiika qabeessa kan ta'an haala gaariin yoo ijaaramaniifi qindoomina qabaatanii dha. Gama
akkaataa barreeffamichaatiin immoo jechoota filatamootti yoo dhimma bahamee dha. Kanaaf
bifa asoosamni tokko ittiin barreeffame qaaccessuun barbaachisaa dha. Sababni isaas yaanni
asoosamichaa sirriitti hubatamuu kan danda'u qindoomina caaccuulee asoosamaafi itti
fayyadama jechootaa irratti hundaa'uudhaani. Haa ta'u malee, asoosamoota Afaan
Oromootiin barreeffaman irratti gama kanaan qorannoon hojjatame ni hafa. Kanaaf, ka'umsi
qorannoo kanaas qaawwaa kana guutuuf yaadamee ti. Keessumaa immoo asoosama dheeraa
Afaan Oromoo kan ta’e Gurraacha Abbayyaa irratti immoo qorannoon gaggeeffame hin
mul’atu.

Kanuma irratti hundaa’uun qorataan qorannoo kanaa caacculee asoosamaa keessaa


waldiddaa filachuun kitaaba asoosamaa Gurraacha Abbayyaa kan Dhaabaa Wayyeessaatiin
barreeffame qaaccesseera.

Kanaaf, qorannoon kun gaaffilee bu’uuraa armaan gadii ni deebisa jedhamee abdatama.

1. Wal diddaawwan asoosama dheeraa Gurraacha Abbayyaa keessatti mul’atan kam


fa’i?
2. Wal diddaawwan asoosama dheeraa Gurraacha Abbayyaa keessatti mul’atan haala
kamiin ijaaramani?
3. Faayidaan waldiddaawwan asoosama dheeraa Gurraacha Abbayyaa keessatti
mul’atan jaargocha asoosamichaaf qaban maali?

5
1.3. KAAYYOLEE QORANNICHAA

1.3.1. KAAYYOO GOOROO


Kaayyoon Gooroon qorannoo kanaa waldiddaa asoosama dheeraa Gurraacha Abbayyaa
keessatti mul’atan yaadiddama qeeqa og-barruu bifiyyeetiin qaaccessuudha.

1.3.2. KAAYYOLEE GOOREE


Kaayyoleen gooree qorannoo kanaa:

1. Waldiddaawwan asoosama dheeraa Gurraacha Abbayyaa keessatti mul’atan tarreessuun


ibsuu.
2. Waldiddaawwan asoosama dheeraa Gurraacha Abbayyaa keessatti mul’atan haala isaan
itti ijaaraman ibsuu.
3. Waldiddaawwan asoosama dheeraa Gurraacha Abbayyaa keessatti mul’atan faayidaa
isaan jaargochawwan asoosamichaaf qaban ibsuu.

1.4. BARBAACHISUMMAA QORANNICHAA


Qorannoon kamuu kan adeemsifamu barbaachisummaa isaa irratti hundaa’eeti. Kaayyoon
qorannoo kanaa asoosama dheeraa Gurraacha Abbayyaa jedhu kana yaadiddama bifiyyeen
qeequun waldiddaawwan achi keessa jiran maal akka ta’an ibsuun akkamitti akka isaan
ijaaramanii fi jaargochawwan asoosamichaa hangam akka utubanii jiran qorachuun hojiin og-
barruu kun cimina akkamii akka qabuu fi hanqinni akkamii akka keessatti mul’atu saaxiluu
irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u qaamolee asiin gadiitiif bu'aa guddaa ni qabaata.

 Barreessitoota Oromootiif; hanqinoota Og-barruu kessatti mul'achuu danda’an


saaxiluun daandii isaanii qajeechuu danda’a.
 Og-barruu Oromootiif:; hojiileen kalaqaa gahumsa qabanii fi waldiddaa cimaatti
dhimma bahan akka baay'atan taasisuun ni tajaajila.
 Namoota biroo mata duree qorannoo kanaan walfakkaatu irratti qorannoo
adeemsisaniif akka ka’umsaatti gargaara.
 Barattoota ogbarruu, barsiisotaafi maatiiwwan ogbarruu biroodhaaf akka madda
ragaatti tajaajila.

1.5. DAANGAA QORANNICHAA

6
Asoosamootni Oromoo hedduutu jiru. Asoosamoota kanneen irrattis qorannoon yeroo addaa
addaatti namoota garaagaraatiin, sababoota garaagaraatiin adeemsifamaa tureera.
Ogbarruuwwan asoosamaa Oromoo hunduu osoo qoratamanii gaarii ture. Haa ta’uutii sababa
hanqina yeroo fi baajataatiin qorannoon kun qabiyyee fi yeroo irratti hundaa’uun bifa armaan
gadiitiin daangeffameera. Gama qabiyyeetiin asoosamoota Afaan Oromootiin barreeffaman
keessaa kitaabni asoosamaa Gurraacha Abbayyaa kan Dhaabaa Wayyeessaatiin barreeffame
filatamuun yaadiddamoota qeeqa og barruu jiran keessaa immoo yaadiddama bifiyyeetti
irratti xiyyeeffata. Sababni isaas, kaayyoon qorannoo kanaa caacculee asoosamaa qaaccessuu
irratti waan xiyyeeffatuuf, caacculee asoosamaa qaacceessuuf immoo yaadidamni tajaajilu
yaadiddama bifiyyee ykn foormaaliizimiiti (formalism) dha. Caacculee asoosamaa keessaa
immoo waldiddaa asoosamaa qaaccessuu irratti xiyyeeffata. Gama yerootiin immoo
qorannoon kun Fulbaana 8, irraa eegalee hanga Amajjii gara xumuraatti kan xumuramu ta’a.

BOQONNAA LAMA : SAKATTA’INSA BARRUU FIROOMINAA

2.1 YAAD-RIMEE OG-BARRUU


Ogbarruun karaalee jiruuf jireenyi dhala namaa ittiin dhihaatu keessaa isa tokko dha.
Hayyoonni addaa addaa ogbarruu karaa addaa addaa hiiku. Asaffaa (2009:20) "hog-barruun
dabarsa aadaa uummataa fi galmee jiruufi jireenya ilmoo namaa kan hubannoo, beekumsaa fi
muuxannoo sadarkaa addaa addaatti qabanidha." Jedha. Yaada kana irraa kan hubannu
ogbarruu jechuun ogummaa jiruufi jireenya hawaasa tokkoo keessatti calaqqisan kan
ibsinuudhadha.

Og-barruun ogummaa kalaqa waa uumuu ta'ee kan muuxannoo jiruu fi jireenya haqa irratti
ittiin bu’uuressinuufi ammoo akka qabatamutti, miidhagsinee , faayinee ittiin ibsinuudha.
Akkasumas Og-barruun mala ittiin waan hawaasummaaf bu’aa qabu tokko (social
significance) waliif dabarsinu, waan immoo beekumsa ilmaan namaatti waa cobu ittiin walii
galaafnu. (Asaffaa, 2009:21-22)

7
Haaluma kanaan, og-barruun calaqqee aadaa ummataati. Wantoota dhala namaa jiruufi
jireenya isaa keessatti mudate, mudachaa jiruufi fuuldurattis mudachuu danda'u jechoota
filatamoo fi yaadota bibilchaatoon miidhagee haala miira namaa hawwatuun kan ergaa ittiin
dabarsanidha.

Og-barruun qabiyyee fi akkaataa ittiin dhiyaatan irratti hundaa'ee bakka addaa addaatti qoodamuu
danda'a. Dastaan (2013:8) waa'ee qooddiiwwan ogbarruu yoo ibsu, “Ogumni barreeffamaa ykn
ogbarruun (written literature) bakka gurguddoo saditti qoodamee dhiyaachuu danda'a. Isaanis:
asoosama, ogwalaloofi diraamaadha,” jedha.

2.2. YAAD-RIMEE ASOOSAMAA


Asoosamni gooroowwan ogbarruu barreeffamaa keessaa tokko ta’ee, haala jiruufi jireenya
hawaasa tokkoo bifa miira dubbistootaa ofitti hawwatuun miidhagina garaagaraa uffachiisee,
kukkuulee, faayeefi miidhaksee kan dhiyeessu hojii kalaqaati.

“Asoosamni hojii barruu sammuu namaatiin uumamee dubbistootaaf


dhiyaatudha. Barreessan asoosama tokkoo dhugaa jirurratti hundaa’ee amala,
sanasakaa hubannoofi kkf namoonni hawaasa keessatti qaban sana
qooddattootatti uffisee ergaasaa kan dubbistootaaf ittiin dabarsudha.” (Asafaa,
2009: 25)

Egaa, asoosamni hojii yookiin kalaqa sammuu barreessaatiin uumamee akka nama
hawwachuu danda’utti kan suureffamee argaa yaadaatiin dhiyaatudha.

Ogbarruun arga yaadaan barreessaan kalaqamee suuraa jireenya dhala namaa addunyaa
keessatti kaasee kan mul’isudha. Mudannoon, muuxannoofi mufannoon hawaasni tokko
haala jireenya hawaasa tokko haala jiruufi jireenyaa keessatti mudatu mul’isuuf, sammuu
barreessaa keessatti kalaqamee waraqaarratti mul’ata. Dubbistoonnis haala akkanaa keessatti
muuxannoo isaanii yaadatu. Kanaafuu, asoosamni jiruufi jireenya namaa calaqqisiisa.
Sanatus dubbisaa onnachiisa.

2.3. GOSOOTA ASOOSAMAA


Asoosamni qabiyyeefi dhaamsa qabatee kalaqame irratti hundaa`uun Asoosamoota dheeraafi
gabaabaa jedhamuun bakka lamatti qoodamu. Asoosamni dheeraan bu`aa ba'ii jireenya ilma

8
namaa,muudannoofi muuxannoo isaa akkasuma,wantoota keessa darbe walitti qindeessee,
lubbuu itti uumee haala qabatamaa ta`een deebisee hawaasaaf dhiyeessa.

Akkasuma Asoosamni dheeraan, sammuu barreessaan kalqamee amalaafi gocha dhalli namaa
raawwatu bu`uura taasifachuun yeroo dheeraafi namfakkoota hedduun dhaamsa bal`aa fi
seenaa walxaxaa ta’e irra kan ijaaramudha. Abraham M.H.(1971:fuula.15) “The word count
of novel starts from 50,000 words. This word count will give you a general idea of the length
of novel…Novel is lengthier than other prose fiction ,it can contain many character,theme
and subplots wich make the content more complex than other literary genres”. Waraabbii
kana irraa kan hubannu, Asoosamni dheeraan tokko yoo xinnaate jechoota hanga 50,000 irraa
eegalee kalqamuu qaba;kuni immoo ergaa bal`aa akka hammatu isa taasisa. Kana malee
asoosamni dheeraan asoosamoota kaawwan irraa bal`aa kan ta`eefi namfakkoota hedduun,
dhaamsa bal`aa karaa jaargocha wal xaxaan barraa`ee kan dhiyaatudha.
Kana malees, Asoosamni gabaabaan hojii kalaqa sammuu barreessaa ta`e eta`iinsa tokko
irratti hundaa`uun namfakkoota muraasaan dhimma tokko kan seenessuudha. Yaaduma
kanaan kan wal qabatu, Cuddon J.A (1991:45) “ A short story is a piece of prose fiction that
typically can be read in one sitting and focused on a self –contained incident or series of
linked incident ,with the intent of evoking ,single effect or mood”. Waraabbiin kuni akka
ibsutti, asoosamni gabaabaan Seeneffama gabaabaa ta`ee iddoofi dhaamsa tokko
bu`ureeffachuun ta`iinsa tokko kan seenessuudha yaada jedhu hammata. Dabalataanis
Asoosamni gabaabaan akka Asoosama dheeraa namfakkoota hedduu hammachuun waldiddaa
walxaxaa keessa kan seenu miti. Waan seenessuu barbaade namfakkoota muraasaan
dhiyeessa. Kanumaan kan wal qabatu, Berntein (1992:fuula 945) “Short story is one part of
literature that usually tells about one or two major characters and one major conflict”. Kana
jechuun,Asoosamni gabaabaan qaama ogbarruu keessaa tokko ta'ee namfakkoota gurguddoo
muraasaan walitti bu'iinsa (ta'iinsa ) tokko bu'uura taasifachuun kan seeneffamuudha.

Toorri maarsariitii http://study.com jedhamu, asoosama yommuu qoqqoodu.

"There are three main types of fiction: the short story, the novella and the novel. First, we
have the short story. According to the famous short story writer Edgar Allan Poe, a short
story is a piece of fiction that can be read in one sitting of about a half hour to about two
hours. Short stories contain between 1,000 and 20,000 words and typically run no more than
25 or 30 pages. Because of their limited length, short stories generally focus on one major
plot or storyline and a few characters." Akka yaadni kun mul’isutti Asoosamni bakka sadiitti

9
kan qoodamu yoo ta’u, isaanis asoosama gabaabaa, asoosama giddu-galeessa fi asoosama
dheeraadha. Isaan keessaa asoosamni gabaabaan akka Allan Poe ibsutti, asoosamni
gabaabaan yeroo daqiiqaa soddoma hanga sa’aatii lamaa keessatti kan dubbifamuu danda’u
fi jechoota 1,000 hanga 20,000 gidduu kan qabuu fi fuula 25 -30 kan hin caalle of keessaa
qaba. Sababa gabaabina isaarraa kan ka’e asoosamni gabaabaan jaargocha guddaa ykn
seenaa tokko fi qooddattoota muraasatti dhimma bahuun beekama.

Egaa, asoosamni gabaabaan barruu yeroo muraasa keessatti dubbbifamee xumuramuu fi


jaargocha gabaabaa tokko irraa ijaaramuun qooddattoota muraasatti dhimma bahuun
dhiyaatudha.

" Novellas are longer than short stories and tend to run about 20,000 to 50,000
words, usually between 60 and 120 pages. Because novellas have more room to
work with, they typically have a more complex plot or storyline and more
characters than short stories. Finally, a novel is a work of fiction that contains
over 50,000 words or 120 pages. Novels are even more complex than novellas,
and they usually have more than one plot or storyline and many well-developed
characters. Novels can be as long as their authors want them to be. There is no
outer limit to their length." https://study.com

Akka yaada barruu kanaatti asoosamni giddu-galeessaa asoosama gabaabaa caalaa kan
dheeratu ta'ee jechoota 20,000 hanga 50,000 kan qabuu fi fuula 60 hanga 120
qabaachuu danda’a. Akkasumas, asoosama gabaabaa caalaa jaargocha yookiin seenaa
walxaxaa fi qooddattoota baay’ee of keessaa qaba. Asoosamni dheeraan immoo
jechoota 50,000 olii fi fuula 120 olitti of keessaa qabaachuu danda’a. Akkasumas,
asoosama giddu-galeessaa caalaa jaargocha walxaxaa fi qooddattoota hedduu of
keessaa qabaachuun beekama. Asoosamni dheeraan daangaa ittin murtaa’u kan hin
qabnee fi yeroo baay’ee barreessaa asoosama sanaa irratti kan hundaa’udha.

Walumaagalatti, asoosamni giddu-galeessaa asoosama gabaabaa caalaa jaargocha,


namfakkii fi jechoota hedduu irraa kan ijaaramu yoo ta'u asoosamni dheeraan immoo
asoosama giddu-galeessaa caalaatti jaargocha walxaxaa fi namfakkiilee hedduutti
dhimma bahuun kan ijaaramudha.

2.4. CAACCULEE ASOOSAMAA

10
Asoosama keessatti caacculee jahaa of jalaa qaba. Isaanis: jaargocha, namfakkii, waldiddaa,
yoomessa, ergaa fi ija ittiin dhihaatudha. Kanneen tokko tokkoon yemmuu ilaallu kanneen
gadiiti. ( Misgaanuu, 2011)

2.4.1 JAARGOCHA
Asoosama keessatti jaargochi murteessaadha. Seenaan asoosama sanaa qinda’ee akka
dhiyaatu godha. Asoosamni seenaa garagaraa of keessatti qabatee yoo dhihachuu baate
dubbisaa biraatti fudhatama hin qabu. Abrams (1981:39)akka ibsutti "plot refers to the main
events that take place throughout the story: jedha. Akka barreessaa kanaattis jaargoochi ta’ee
guddaa kan seenaa asoosamaa keessatti dhiyaatu ta’uu qaba.

Jaargochi akkuma maqaan isaa ibsu ijaarsa gochootaa jechuu dha. Gochaatu duraa duubaan
ijaarama. Waldiddaatu sababa tokko irraa ka'ee walxaxaa deema. Sanatu onnee namaa
rarraasa. Jaargochi utubaa seeneffama tokkooti. Walitti bu‟iinsa raawwilee sababa quubsaa
irratti hundaa‟anii ykn ijaarsa gochaa kanneen sababaafi bu‟aa qabaniiti. Haaluma
walfakkaatuun (Zarihuun 2003), jaargochi asoosama tokko keessatti gaaffii maaltu ta‟e?
maaliif ta‟e? jennee gaafannuuf deebii nuti argannu kan of keessatti qabatu yookiin
gochoonni duraa duuba yerootiin dhihaatan sababa ittiraawwatamaniifi bu‟aa isaa kan of
keessatti qabatee jiru akka ta‟e ni ibsa. Seenessa keessatti ta‟iinsonniifi gochoonni
akkasumaan walitti hin dabalamani. Isa duubaafi isa duraa akkaataa walitti hidhuun
danda‟amutti dhufa. Kana jechuun inni tokko isa biroof sababa ta‟ee, seenaan dabalamaa
deema jechuudha.

2.4.2. NAMFAKKII
Namfakkiin asoosama keessatti kan barreessaan yaada koo waliin deema jedhee kalaqudha.
Kunis raawwilee barreessaan itti kenne hayyuu durummaa yookaan faallaa isaa ta’uun kan
bahatudha. Walitti bu’insoota asoosaan uume hundumaa kan baasee ibsu namfakkiidha.
(Misgaanuu,2011) Abrams (1981:39) akka ibsutti; Character refers to the protagonist and
secondary characters of the story the writer develops character by what the character thinks
what the charac- ter does, what the character says, whats the character looks like, and by
other says about the character. All stories include protogonist many story include antogonist.
May stories also secondary or minor characters", jedha. Akka yaada kanarraa hubatamutti
nam-fakkiin kan hayyuu duree faallaa isaa fi nama fakkiilee xixiqqoo haammatudha.

11
Barreessaan waan namfakkiin yaaduu, raawwatu jedhu, hubatuufi kan biroon waa’ee isaa
kan biroon maal akka jedhan ni ibsa. Seenaaleen hunduu hayyuu duree ni hammatu, irra
jireessi seenaalee namfakkiilee xixiqqoo kan hammatu ta’uu eera.

2.4.3. YOOMESSA
Yoomessi yeroo bakka fi haala hawaasummaa asoosaan fayyadamee barruu isaa keessatti
barreessudha. Akka hayyuun Arnold (2001) ibsuuti “ Setting presents that what is the place
of the action presented?, time? The social circumstances?” Jedha. Akka yaada hayyuu
kanaatti yoomessi, iddoo ykn bakka raawwiin itti ibsame, yeroo isaafi dhugaa hawaasaa akka
xiyyeffatudha. Hayyuun kun itti dabaluun yoo ibsu, ”setting refers to the time place and
social and historical context,” jedha. Kana jechuun yoomessi yeroo raawwii bakka raawwii fi
haala hawaasummaa fi seenaa kan haammatudha.

2.4.4 IJA
Ijji asoosama keessatti ramaddii ittin asoosaan asoosama tokko seeneessudha. Akkaata itti
dhiyaate addessa. Hayyuun Arnold (2001) yemmuu ibsu, “Point of view is who tells the story
(an observer, the protagonist,---) from what perspective is the story told (first person
narration, third person narration,---)" jedha. Yaada kana irraa kan hubannu ijji kallattii
seenessaan itti seenaa himudha; kallattii seenichi itti ibsamu ( nama tokkoffaa, lammaffaan
ykn sadaffaa) ta'uu akka malu kan ibsudha.

Abrams(1981)akka ibsutti "Point of view refers to the person who is telling the story. this is
the narrator of the story can be told from first persepective , such as protagonists or eye
witness or the story can be told from third person persepective , which means the narrator is
not a character in the story . Remember that the author and narrator are not the same . The
narrator is the person who is telling the story", jedha. Akka yaada kanaatti ijji nama seenaa
sana himuudha. Kunis seeneessaadha. Fakkeenyaaf, seenaan gama nama tokkoffaan kan
ibsamu akka raawwii hayyuu dureen bakka bu’ameetti. Yookaan kan gama nama sadaffaan
ibsamu seeneessaan seenaa sana keessa akka hin jirreetti kan ibsamu dha. Kan hubatamuu
qabu barreessaafi asoosaa/seeneessaan tokko miti jechuun eera.

2.4.5. ERGAA
Ergaan asoosamaa kan asoosaan itti yaadee dubbisaaf dabarsudha. Yaada kana gama
namfakkii fayyadamuun dubbisaaf ibsa. Kallattiin baasee dubbisaaf himuu dhiisee dubbisaan

12
kalaqa seenaa keessaa dhugaa jiru akka hubatu kan taasisuudha. Ergaan miseensota
asoosamaa keessaa tokko ta'ee dhaamsa dimshaashaa kan asoosaan namoota dubbisaniif
dabarsuu dha.Kana jechuun kaayyoo asoosamaati jechuun ni danda'ama. Yaaduma kana
Berhanu Mathewos (2009:37) “Theme is another basic element of fiction. Theme refers to the
central idea of a story.” Jedha. Akka yaada kanaatti ergaan caaccuulee asoosamaa keessaa
baay'ee murteessaafi yaada ijoo seenichaa kan ta'ee dha.

2.4.6. W ALDIDDAA
Waldiddaan walitti bu’insoota barreessaan asoosama kessatti kalaqee namfakkiileen bakka
isaanii kennametti rawwatamudha. Waldiddaan namaa fi nama, namaa fi yaada isaa, namaa fi
uumama , akkasumas namaa fi uumaa isaa waliin wal dhabdee namfakkii hayyuu dureen
taasisudha. (Misgaanuu 2011)

Addunyaan asoosamaa gaaddidduu addunyaa dhugaa kanaa waan ta‟eef, namfakkiileen


addunyaa soosamaa keessa jiranii waantoota jireenyaaf isaan barbaachisan argachuuf walitti
bu‟uun isaanii waan oolu miti. Waldiddaan, walitti bu'iinsa namfakkiilee asoosama ykn
seeneffama tokko keessatti qooda fudhataniifi. Walitti bu'iinsi kun sababa garaagaraatiin
ta‟uu danda‟a. fakkeenyaaf garaagarummaa fedhii, ilaalchaa fi kkf irraa madduu danda‟a.
karaa biraa immoo waldiddaan, walfalmii namfakkii muummee fi humnoota biroo gidduutti
mul‟atuudha.

Fakkaattonni addunyaa asoosamaa keessatti lubbuu horatanii waan jiraataniif wantoonni


hedduun walitti isaan fiduu danda'a. Walitti dhufeenyi kun immoo gidduu isaaniitti hariiroo
uuma. Hariiroo gidduu isaaniitti uumamu irraa kan ka'e fedhii walfakkaataa yookaan
garagaraa warri qaban yoo walitti dhufan walitti bu'iinsi gidduu isaaniitti uumamu waldhabbii
jedhama.Yaaduma kana Birhaanuun (2009:36-37) yoo ibsu, “ Conflict is the struggle
between opposing forces, and also an essential element because it moves the story forward.”
Yaadni kun kan mul'isu waldiddaan waldhabbii qaamota walii faallaa ta'an gidduutti
uumamuufi caaccuulee asoosamaa keessaa baay'ee murteessaa ta'uu isaati. Kun immoo
seenichi gara fuulduratti akka deemu taasisa.

Jaargochii waldiddaa humnoota lama jedduutti adeemsifamuurra madda. Waldiddaan kunis


calqabaa ka’uun sadarka olaanaatti guddachaa deemeeti dhumarratti furmaata argata.
Asoosama tokko keessatti jaargochi caaccuu baay’ee barbaachisaa yommuu ta’u, walitti
bu’iinsa uumuun, qalbii rarraasuun fufiinsa seenichaatiif lubbuu hora.

13
Jaargochi gaariin waldiddaa uumuun dubbisaan seenichaa akka gammaduufi qalbiin akka
rarrara’u taasisuun sissi’eessa. Adeemsa jaargochaa keessaatti waldiddaan sababoota
garaagaraatiin uumama. Waldiddaan caaccuuwwan miseensota asoosama dhangala'aafi
diraamaa keessatti mul’atu keessaa isa tokkoofi baay’ee barbaachisaadha. Asoosama tokko
keessatti waldiddaan qooddattoota gidduutti (Physical Confilct), qooddataafi hawaasa
gidduuttii (Ethical conflict) akkasumas, qooddatama tokko keessatti
(Emotional/Psychological) uumamuu danda’a.

Barruun maarsariitii livewritebreathe.com waldiddaa yoo ibsu. "Conflict in fiction is created


when the main character strives to achieve a goal that solves the story problem, only to be
frustrated by obstacles. The force introducing these obstacles can be internal or external. A
battle rages between a protagonist and antagonist, arising from opposing motives that put
them at cross-purposes with one another. This battleground exists inside or outside the main
character’s being." Yaadni waraabbii kanaa kan mul'isu waldiddaan asoosamaa kan mul'atu
yommuu qooddataa olaanaan rakkoo uumame furuuf tattaafatutti gufuuwwan isa
quunnamaniin. Gufuuwwan kanneen dhaqqabsiisuu kan malanis humna keessaa yookiin alaa
ta'uu danda’a. Waldhabbiin qooddataa olaanaa fi masaanuu gidduutti taasifamu immoo fedhii
waliif faallaa isaan kakaasuu irraa kan maddudha. Waldiddaan kunis qooddataa olaanaa fi
kan biroo waliin uumamuu danda’a.

Egaa, waldiddaan asoosamaa seenaa asoosamaa keessatti qooddataa olaanaan rakkoo


uumame furuuf jecha qooddattoota fedhii isaan faallaa jiran gidduutti kan uumamudha.

2.4.6.1. GOSOOTA WALDIDDAA


Waldiddaan gochaa walmormiiwwaan qamoota lama jidduutti dhimmoota garaagaraarratti
taasifamudhaa. Gochaan walmormii yookiin waldhabiinsi kunis haala lamaan mul’ata.
Isaanis:- waldiddaa qaama alaafi waldiddaa qaama keessaan walitti bu’iinsa sana mo’achuuf
kan taasisanidha. Barruun toora maarsariitii masterclass.com jedhamu waldiddaa yoo qoodu
"All conflict falls into two categories: internal and external. Internal conflict is when a
character struggles with their own opposing desires or beliefs. It happens within them, and it
drives their development as a character. External conflict sets a character against something
or someone beyond their control. External forces stand in the way of a character’s
motivations and create tension as the character tries to reach their goals." Akka yaada
waraabbii kanaatti, waldiddaan hundi bakka gurguddoo lamatti addaan bahu. Isaanis
waldiddaa keessaa fi waldiddaa alaati. Waldiddaan keessaa yommuu qooddataan fedhii fi

14
amantaa keessa isaa jiru waliin walmormu kan uumamudha. Waldiddaan alaa immoo humna
alaa yommuu qooddattoonni galma isaanii gahuuf kaatanitti si’aayina isaanii dura
dhaabbachuun dhiphinaaf humnoota saaxilaniidha.

Egaa, waldiddaan keessaa humna sammuu qooddataa keessatti fedhii addaa addaa uumamuun
wal falmisiisu yoo ta’u , waldiddaan alaa immoo humnoota si’aayina qooddattootaa danquun
galma isaanii hanqisuuf yaaludha.

2.4.6.2. W ALDIDDAA ALAA (EXTERNAL CONFLICT)


A. Waldiddaa Qooddataa fi Qooddataa Jidduu

Walitti bu’iinsi kuni garaagarummaa ilaalchaa, amantaa, siyaasaa, kaayyoo, ejjennoo, yookiin
eenyummaa namfakkiiwwan qaban irraa ka’uun kan uumamanidha. Dabalataanis, inni tokko
isa biroo caalee faayidaa argachuuf, fudhatama qabaachuuf, caalee argamuuf yoo carraaqu
walitti kan bu’udha. Barruun toora maarsariitii nownovel.com waldiddaa qooddataa fi
qooddataa yommuu ibsu, " A person against person is the most common type of conflict both
in fiction and in life, and it can form the basis of the main conflict in your novel. In a person
against person conflict, the two people who are in conflict may be on opposite sides of an
issue, but there may be no clear right or wrong, or both sides may believe themselves to be in
the right. This can make for complex and challenging storytelling." Yaada waraabbii kana
irraa kan arginu, waldiddaan kun jireenya dhugaa keessattis ta’e asoosama keessatti
baldhinaan kan muldhatudha. Waldiddaan qooddataa fi qooddataa gidduu kun yaada waliif
faallaa qabaachuu qooddattootaa kan mataa isaaniif garuu sirrii yookiin qajeelaa ta'aniiti.
Qooddattoonni gama lamaaniin jiran lachuu mataa isaaniif sirrii ta'uu amanu. Haalli kun
immoo seenaan sun walxaxaa fi rakkisaa akka ta'u taasisa. Kanaaf, waldiddaan qooddataa fi
qooddataa gidduutti uumamu fedhii faallaa gama lameeniin jiruun akka ta’e hubanna.

Fakkeenyaaf, asoosama Gurraacha Abbayyaa keessatti, waldiddaan Bacangiree fi Gabruu


gidduutti uumame, Gabruun yakki inni Badijaa Bakaaloo irratti raawwate, akka hin
mul'anneef Badijaa yoo ajeesu, Bacangireen immoo obboleessi isaa harka namaatiin du'ee
obsee taa'uu waan hindandeenyeef Gabruu waliin waldiddaatti seene.

B. Waldiddaa Qooddataafi Uumaa Gidduu

Gosti walitti bu’insa kanaa immoo yerootti namni yookiin qoddattootni asoosamicha keessaa
haalaafi yeroo adda adda keessatti fedhiin isaanii guuttachuu dadhabuun Uumaa faana kan

15
walitti bu’anidha. Yerootti uumaa kana mormee mormiisaa dhageessisudha. Yommuu uumaa
faana mormii gaggeessu kana immoo duuba deebi’ee wa’ee jireenyasaa darbee, galma
ga’iinsa har’a dhabaa jiruuf sababni akka uumaa tahetti lakkaa’a. Waan akka uumaan isa
miidhuuf ka’eetti of lakkaa’uun mormiisaa haalaan guddisee dhageesisa. Wanta rawwate
maraaf balleessaan akka uumaa taheefi uumaanis akka waan garasatti jal’ateetti yaada.

C. Waldiddaa Qooddataa fi Uumamaa

Waldiddaan kun immoo waldhabiinsa humna uumamaa faana qabsoo taasifamudha. Qabsoon
akkanaa tattaaffii jiraachuutiif (for survival ) taasifamudha. Fakkeenyaf, beela, gogiinsa,
biqiloota, bineensotafi kkf. faana jireenyasaa mo’achuuf jecha kan walitti bu’uun dirqama.

Fakkeenyaaf, waldiddaan asoosama Gurraacha Abbayyaa keessatti

D. Waldiddaa Qooddataa fi Hawaasa Gidduu

Namni jireenya dhugaa keessa jiraatu tokko qamoota adda addaa faana akkuma walitti bu’u,
waldiddaan namaafi hawaasaa kunis namni dhuunfaan tokko yeroo gareen murtaa’a tokko
saba barmaatileefi aadaa, duudhaa, sirnaafi heera bulmaata saba tokkoo walmakatan
mormuun kan ka’an jiraachuu danda’a. Kanarraa kan ka’e hawaasni aadaafi sirna bulmaataa
keenya hin dhiisnu jechuun yeroo falmu namfakkiin tokkommoo isaan mormuun yoo ka’e
walitti bu’iinsi ni umama.

Fakkeenyaaf, Asoosama Gurraacha Abbayyaa keessatti, Teetoon aadaa hawaasa sanaa


cabsuun Yeenchee waliin ciisee erga ishee ulfeesseen booda yaada jaarsolii ( adabbii itti
murame) dhiisee deemuun safuu hawaasa sanaa cabseera. Gochi akkasii waldiddaa qooddataa
fi hawaasaa jalatti ramadama.

2.2.3.3. W ALDIDDAA KEESSOO (INTERNAL CONFLICT)


Waldiddaan keessaa akkuma maqaasaarra hubatamutti, waldhabbii qooddataan olaanaan
sammuu, xiinsammuufi qalbii isaa faana taasisudha. Namni yeroo ofumasaa ofiin waldhabu
yaada isaa faana walitti bu’u of hifatuufi of balaaleffatu ni jiraata. Waldiddaa akkanaa
keessatti namfakkiin olaanaan kaayyoo isaa galmaan ga’achuuf humna keessa isaa jiru
wajjiin waldhaansoo walqaba. Wantoota gara sammuusaatti dhufanii isa dhiphisaniif
yommuu inni deebii kennuu dadhabee ofumasaan ofitti falmuu eegala. Barruun toora

16
maarsariitii livewritebreathe.com jedhamu, waa’ee waldiddaa keessaa yoo ibsu, " The
antagonist in such a plot might be certain aspects of the protagonist’s character, values,
hidden desires, or moral viewpoints. Doubts caused by a lack of confidence over the right
way to solve the story problem create a dilemma for the main character that must be
overcome before the plot can resolve." Yaada kanarra kan arginu qooddataa olaanaan
asoosamaa kun shakkii fi ofitti amanamummaa dhabuun rakkoo furuuf yeroo rakkatu
waldiddaa uumamu ta'uu argina. Fakkeenyaaf:-

' Yoon ...yoon waan hunda raawwadhee, duuba dubbiin isaa gara hamaatti
jijjiirame hoo?... ' jedhee, sammuu isaa gaafata. 'Akkam?' 'Yoo ani obbolessa ishee
ajjeesuu koo bartee, lafa kana irratti ijaan na arguu jibbite hoo?... Yoo gumaa
obbolessa ishee baasuuf, ana adamsuu jalqabde hoo ?... Yoo warra isheetti himtee
na ajjeesiste hoo?!... 'Kana hin gootu.' ' Maaliin beekta?!...' 'Si jaallatti.'
'Obboleessa ishee immoo na caalaa jaallachuu malti ... Akkamittan yaada ishee
beeka ?!... Bari- obbolessa ishee tii!...' 'Muradhuu irree kee diriirsi! Gurraacha
Abbayyaa (fuula__)

Fakkeenya kana irratti Teetoon Obboleessa Yeenchee Daambee ajjeesuuf jedhee yeroo itti
yaada isaan wal falmu argina.

BOQONNAA SADII : MALLEEN QORANNICHAA

3.1. SAXAXA QORANNICHAA


Gosti qorannoo kanaa gosa qorannoo akkamtaa yoo ta’u, qorannoon kun kitaaba asoosama
Gurraacha Abbayyaa qaaccessuurratti waan hundaa'eef, malli qorannichaa sakatta'a barruu
jalatti kan ramadamuu dha.

3.2. MADDA ODEEFFANNOO


Maddi odeeffannoo qorannoo kanaa madda odeeffannoo sadarkaa tokkoffaa yoo ta’u, maddi
odeeffannoo isaas, kitaaba asoosama Jaalalaa Afaan Oromoo "Gurraacha Abbayyaa " ti.

17
Qorannoo kanaaf maddi ragaa tokkoffaan kan filatameef qorannoo kanaaf odeeffannoon
barbaachisu kallattiidhaan kitaaba asoosamaa Gurraacha Abbayyaa keessatti waan argamuufi.

3.3. IDDATTOO FI IDDATTEESSUU


Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa waldiddaa asoosama dheeraa Gurraacha Abbayyaa
keessatti mul’atan qaaccessuudha. Bu'uuruma kanaan gosti qorannoon ittiin adeemsifame
gosa Qorannoo Qulqullinaa (Qualitative Research) ta'ee qorannoo Qulqullinaa keessaa
immoo malli qaaccessa barruu dhimma itti bahameera. Qorannichaaf madda odeeffannoo
kan ta'e kitaaba asoosamaa Afaan Oromoo "Guraacha Abbayyaa" jedhuudha.

Bifuma kanaan gosoota iddattoo keessaa qorannoo kanaaf kan dhimma itti bahame mala
iddatteessuu miti-carraa (non-probability sampling) yoo ta'u, mala kana keessaa immoo mala
akkayyoo (purposive sampling) tti gargaarameera. Malli akkayyoo kan qorataan kaayyoo isaa
irratti hundaa'ee kaayyoo isaa sana galmaan ga'uuf ofii isaatii iddattoo kan murteessudha.
Bu'uuruma kanaan qorataan qorannoo kanaas asoosamoota Afaan Oromootiin barraa'anii
maxxanfaman keessaa asoosama "Gurraacha Abbayyaa" kan Dhaabaa Wayyeessaatiin
barreeffamee bara 2005 tti maxxanfame filachuun asoosamicha keessaa immoo
qabiyyeewwan waldiddaa of keessaa qaban irratti xiyyeeffateera.

3.4. MALA ODEEFANNOON ITTIIN FUNAANAME


Qorannoon kun xiyyeeffannoon isaa waldiddaawwan asoosama dheeraa "Gurraacha
Abbayyaa" keessatti argaman funaanuun qaaccessuu fi faayidaa isaanii ibsuu waan ta’eef
qabiyyeewwan waldiddaa asoosamicha keessatti argaman walitti qabuuf mala sakatta’a
dookumantiitti fayyadamuun odeffannoon funaanameera. Sababni isaas ragaaleen qorannoo
kanaaf barbaachisan bifuma barreeffamaatiin kan argaman waan ta’eefi. Kanaaf malli
funaansa odeeffannoo qorannoo kana keessatti dhimmi itti bahame mala sakatta’a
dookumantii yoo ta’u, ragaan funaanames asoosamichuma keessatti kanneen argamaniidha.

3.5. SAKATTA’A DOOKUMANTII


Sakkatta’a dookumantii jechuun adeemsa qorannoo tokko gaggeessuu keessatti tooftaa
qorannoo sana fudhatamaafii dhugummaa isaa mirkaneessuuf kitaaba, galmeefi
barreeffamoota bifa adda addaattiin taa’an qaaccessuun ciminaafi hanqina qabiyyee isaanii
ibsuuf kan gargaarudha. Yaaduma olii kana deeggaruun Dastaa (2011:131) yoo ibsu,
“Barreeffamoonni akka odeeffannoo qorannootitti nama fayyadan hedduutu jira. Isaan

18
keessaa kanneen akka waraqaa ragaa, kitaabilee, xalayaa, nagahee, ajandaa, qaboyaa’ii,
barreeffama murtii, yaadannoofii kanneen kana fakkaatan ta’uu danda’u.” jechuudhaan
ibseera. Gama birootiin immoo akkaataa kamiin odeeffannoon funaanamuu akka qabu adda
baasuun barbaachisaadha. Inni kunis odeeffannoon funaanamu bifa lakkoofsatiin osoo
hintaane bifa jechaatiin funaanamuu qaba. Kanumarraa ka’uun odeeffannoon funaanamu
kunis mala al-lakkoofsatiin yookin jechatti gargaaramuun kan ragaan qorannoo ittiin
funaanamuudha. Qorataan qorannoo kanaas, dursa kitaaba Asoosamaa Gurraacha Abbayyaa
irra deddeebiin dubbisuun qabiyyeewwan waldiddaa achi keessa jiran sakatta'uun
odeeffannoo walitti qabeera.

3.6. M ALLEEN QAACCESSA RAGAALEE


Qorannoo kana gaggeessuuf qoratichi mala qaaccessa ragaa keessaa mala qaaccessa barruutti
dhimma baheera. Gosti qorannoo kanaa qorannoo akkamtaa yoo ta’u, qorannoo akkamtaa
keessatti immoo odeeffannoon argame gadifageenyaan ragaan deeggaramee xiinxalamuu
qaba. Addunyaa (2011:11) yaada kana yoo cimsu, “Ciminni qorannoo akkamtaa gaaffiiwwan
akkam? Maaliif? Jedhan kaasuun gadi fageenyaan xiinxaluu irratti humna waan qabuuf,
amanamuufii hubannoo babal'isuuf kan haala mijeessuu isaati” jedha. Mala qaaccessa barruu
ilaalchisee Alen (2003) yommuu ibsu, “Malli qaacceessa barruu, do'ii, filmii, kitaabilee adda
addaa fi barruulee irraa yaadota argaman qaacceessuuf gargaara, ” jedha. Haaluma kanaan,
yaadawwan bu'uuraa yaad-rimichaafi kaayyoo gooree qorannichaa irratti hunda'uun
keeyyattoota asoosamichaa keessaa hojii qorannichaaf ragaa ta'uudanda'an keessaa baasuun
fudhachuun qorannichaaf dhimma itti bahameera.

3.7 Muuxannoo Dirreefi Naamusa Qorannoo


Qorannoon dirree kan qorataan tokko iddoo qorannichi itti adeemsisamu dhaquudhaan qorannoo
kan gaggeessuu/ssitudha. Adeemsi kunis kan odeeffannoon qorannoo sanaaf ta‟u irraa argamu
(namoota, fakkii, hambaa, aadaa hawaasichaa, siidawwan fi kkf) bira dhaquun qabatamaan
ragaa barbaachisu sassaabuuf fayyada. Haaluma kanaan qorataanis aanaa qorannoon kun irratti
gaggeeeffame qaamaan deemuun kan daawwatameedha.

Dhimma waraabbiin walqabatee garee kamuu osoo gara waraabbii hindeemiin fedha isaanii ta‟uu
eeyyamsiifameetudha. Gama suura tokko tokko achi keessa jiraniitiin wal qabatee namoonni

19
dhuunfaan suurri isaanii as keessa jiru eeyyama isaaniin kan kaafamanidha. Hojiiwwan
aloolaa booddee ragaaawwan viidiyoo kaameraan waraaabaman dhageeffachuufi ilaaluun
barreeffamatti jijjiiruu; ragaaalee wal fakkaatan iddoo tokkotti gurmeessuu qoqqooduufi
kan xiinxalameedha

20

You might also like