You are on page 1of 22

Qaaccessa Waldiddaa Asoosama Dheeraa Dirmammuu:

Yaadiddama Bifiyyeetiin

Olaanii Baabbuu

Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Tokkoffaa Afaan


Oromoofi Og-barruun Guuttachuuf Qophaa’ee, Muummee
Afaan Oromoofi Og-barruuf Dhiyaate

Yuunivarsiitii Odaa Bultum kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi


Namoomaatti Muummee Afaan Oromoofi Og-barruu

Sadaasa, 2014

Ciroo, Oromiyaa

i
Yuunivarsiitii Odaa Bultum kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi
Namoomaatti Muummee Afaan Oromoofi Og-barruu

Qaaccessa Waldiddaa Asoosama Dheeraa Dirmammuu:


Yaadiddama Bifiyyeetiin

Qorataan : Olaanii Baabbuu

Gorsaa : Mokonnon B. (MA)

Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Tokkooffaa (BA) Afaan


Oromoofi Ogbarruun Guutachuuf Qophaa’e.

Sadaasa, 2014

Ciroo, Oromiyaa

ii
BAAFATA

QABIYYEE FUULA
BAAFATA...................................................................................................................................................i
BOQONNAA TOKKO : SEENSA.............................................................................................................1
1.1. Seenduubee Qorannichaa..................................................................................................................1
1.2. Ka’umsa Qorannichaa.......................................................................................................................2
1.3 Kaayyolee Qorannichaa.....................................................................................................................3
1.3.1. Kaayyoo Gooroo........................................................................................................................3
1.3.2. Kaayyolee Gooree......................................................................................................................3
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa.......................................................................................................3
1.5. Daangaa Qorannichaa......................................................................................................................4
BOQONNAA LAMA : SAKATTA’A BARRUU FIROOMINAA.............................................................................5
2.1 Yaad-rimee Ogbarruu........................................................................................................................5
2.1.1 Oguma........................................................................................................................................5
2.1.2. Og barruu...................................................................................................................................5
2.2. Asoosama.........................................................................................................................................6
2.3. Akaakuu Asoosama...........................................................................................................................8
2.4. Caacculee Asoosamaa......................................................................................................................8
2.4.1. Jaargocha..................................................................................................................................8
2.4.2. Namfakkii...................................................................................................................................9
2.3.3. Yoomessa...................................................................................................................................9
2.3.4. Ija (Kallattii Seenessoo)............................................................................................................10
2.3.5. Ergaa........................................................................................................................................10
2.3.6. Waldiddaa................................................................................................................................10
2.3.6.1 Gosoota Waldiddaa...............................................................................................................11
2.3.6.1.1 Waldiddaa Alaa (External Conflicts)...................................................................................11
1. Waldiddaa Qooddataafi Qooddataa (Character vs .Characher).....................................................11
2. Waldiddaa Qooddataa fi Uumamaa (Character vs. Nature)..........................................................12
3. Waldiddaa Qooddataa fi Hawaasaa (Character vs. Society)..........................................................12
5. Waldiddaa Qooddataa fi Uumaa (Character vs. Supernatural).....................................................13

i
2.3.6.1.2 Waldiddaa Keessaa (Internal Conflict)...............................................................................13
1. Waldiddaa Qooddataa fi Ofiisaa....................................................................................................13
KUTAA SADII : MALA QORANNICHAA........................................................................................................14
3.1. Saxaxa Qorannichaa.......................................................................................................................14
3.2. Madda Odeeffannoo.......................................................................................................................14
3.3. Iddattoo Fi Iddatteessuu.................................................................................................................14
3.4. Mala Odeefannoon Ittiin Funaaname.............................................................................................14
3.5. Mala Qaaccessa Ragaalee..............................................................................................................15

ii
BOQONNAA TOKKO : SEENSA

1.1. Seenduubee Qorannichaa


Ogbarruun hojii kalaqa sammuu namaati. Innis, kan barreessaan dhugaa hawaasa keessa jiru
bu'uura godhachuun muuxannoofi haala jiruufi jireenya hawaasa tokkoo miidhagsee ittiin
dhiyeessudha. Asafaa (2009) waabeffachuudhaan Beekan (2013:8) ogbarruu akka armaan
gadiitti ibsa: “Ogbarruun oguma kalaqaa ta'ee kan muuxannoo jiruufi jireenyaa haqa irratti ittiin
yayyabnu, bu'uureessinuufi ammas akka qabatamutti miidhaginaan faayinee ittiin ibsinuudha.
Kunis mala ittiin waan hawaasummaaf bu'aa qabu tokko ittiin waliif gumaachinuufi meeshaa
ittiin hawaasicharraa waan hamaa faccifnuuti.” jedha.

Haaluma kanaan, ogbarrun calaqqee aadaa ummataati. Wanta dhala namaa jiruufi jireenya
keessatti mudate, mudachaa jirufi fuuldurattis mudachuu danda'u jechoota filatamoofi yaadota
bibilchaatoon miidhagee haala miira namaa hawwatuun kan ergaa ittiin dabarsanidha.

Ogbarruun dameewwan addaddaatti qoodamuu danda'a. Dameewwan kanneen keessaa tokko


asoosama. Asoosamni akaakuu ogbarruu barreessaan tokko gochaalee addunyaa dhugaa keessa
jiraataniin raawwataman yookiin raawwatamuu danda'an bu'uura godhachuudhaan akka
muuxannoofi dandeettii ogummaa kalaquu isaatiin qindeessee barreeffamaan dhiyeessuudha.
Asoosamni asoosama gabaabaa, giddugaleessaafi asoosama dheeraa jedhamee qoodamuu
danda'a. Seenaan asoosama Afaan Oromoo yeroo baay'ee dhihoo akka ta'e Asafaan (2009:126) ni
ibsa. Kunis, kufaatii sirna Dargiitiin booda jechuudha. Haa ta'u malee yeroo ammaa kanatti
asoosamoonni Afaan Oromoo gaggabaaboofi dhedheeroon namoota addaddaatiin barreeffamanii
maxxanfamaa jiraachuu isaanii hin haalle.

Asoosamni gosa ogbarruu ammayyaa ta'ee seeneffama sammuu barreessaatiin kalaqamee bifa
hololootiin kan dhiyaatudha. Asoosamni jiruufi jireenya hawaasaa bifa argaa yaadaatiin
suuressee kan mul'isudha. Asaffaan, (2009:25-26).asoosama yoo ibsu " Asoosamni hojii barruu
sammuu namaatiin uumamee dubbisaaf dhiyaatudha. Barreessaan asoosamaa tokko dhugaa
jirurratti hundaa’ee amala , sansakaa, hubannoo, fi kkf namoonni hawaasa keessatti qaban
sana qooddattoota uffisee ergaasaa kan dubbistootaaf ittiin dabarsudha." Jedha. Yaada kanarra
wanti hubatamu asoosamni hojii kalaqaa ta'uu fi calaqqee dhugaa hawaasaa deebisee

1
hawaasaaf kan ibsudha. Gooroowwan ogbarruu keessaa asoosamni kan barreessaan ofii isaatii
waan hawaasa keessa jiru bifa barreeffamaan deebisee kan dhiheessuudha. Yaada kana
ilaalchisee Misgaanuu Gulummaa(2012) akkas jedha, ”Asoosamni akaakuu ogbarruu
barreessaan tokko gochaalee addunyaa dhugaa keessatti namoonni hawaasa keessa jiran
raawwatan yookkaan raawwatamuu danda’an ka’uumsa godhatee akka hubannootti ilaaluu isaa
fi dandeettii barreessaan kalaquu isaa qindeessuudha” jedha.Egaa, asoosamni hojii kalaqaa ta'ee
kan barreessaan ta'iinsoota dhugaan addunyaa irratti muldhatan namfakkiileetti fayyadamee
dhiyeessuudha.

Haaluma walfakkaatuun asoosamni kallattii hedduun jireenya ilma namaa kan dhuunfaa fi
hawaasaa gamtaan jechoota midhagina qabaniin fakkii yaada barreessaatiin kalaqame bifa
hawwataa ta’een kan dhihaatuudha. Akka waliigalaatti asoosamni fakkii jiruu fi jireenya
hawaasaa kan agarsiisu, akka daawwitiitti kan keessatti of ilaalaniidha. Asoosamni caacculee
heddu of keessaa qaba. Yaada kana ilaalchisee Misgaanuu Gulummaa (2012) akkas jechuun ibsa,
”Caacculeen asoosamaa jaargocha, ergaa, qoodattoota, waldiddaan kan ergaa isaa dabarsuudha”
jedha.

Asoosamni kan nama hawwatu, kan dubbistoota hin nuffisiifne fi nama amansiisu ta’uun irra
jiraata. Amasiisummaa fi gahumsa qabaachuuf immoo haalli asoosamichi itti ijaaramu
murteessaadha. Haalawwan ijaarsa asoosamaa keessatti immoo ciminni waldiddaa asoosamichaa
murteessaadha. Sababni isaas, jaargochi lafee dugdaa asoosamaa akkuma ta’e waldiddaan
immoo jaargochaaf bu'uura. Kanaaf qorannoo kanaaanis waldiddaawwan asoosama siyaasaa "
Dirmammuu " keessa jiran yaadiddama qeeqa og-barruu keessaa yaadiddama bifiyyeetiin
qaacceffamaniiru.

2
1.2. Ka’umsa Qorannichaa

Afaan Oromoo erga afaan qorannoofi qo'annoo ta'ee yeroon isaa baay'ee dheeraa ta'uu baatus,
qorannoowwan garaagaraa yeroo adda addaa keessatti geggeeffamaa turaniiru; ammas taanaan
geggeeffamaa jiru. Fakkeenyaaf, dameewwan fookloorii, xinqooqaafi ogbarruurratti
qorannoowwan geggeeffamaniiru. Haa ta’uyyuu malee, qorannoon Waldiddaa Asoosama
Dirmammuu qaaccessu irratti hojjetame hin jiru. Qorannoon baay’een isaanii asoosamoota kan
biroo irratti kan adeemsifaman yoo ta'an. Isaaniyyuu, caacculee asoosamaa hunda wal faana
qorachuuf kan yaalan ture. Caacculee asoosamaa hunda al takkaan qorachuu yaaluun immoo ni
ulfaata. Galma gahiinsa guutuus hin qabaatu. Qaawwa kana duuchuuf immoo falli jiru, caacculee
asoosamichaa tokko tokkoon adda baasanii qorachuun barbaachisaadha. Asoosamni,
Dirmammuun hojii barruu kalaqaa Afaan Oromoo keessaa warreen hangafaa keessatti kan
hammatamu yoo ta’eyyuu hanga yoonaatti qorannoon baldhaan gama waldiddaa isaairratti
adeemsifame hin jiru. Kanarraa ka’uun qorataan qorannoo kanaa yaadiddama qeeqa Og-barruu
keessaa tokko kan ta'e yaadiddama bifiyyeetiin waldiddaa asoosama Dirmammuu kan Takilee
Qinaaxxiitiin barreeffame qaaccesseera.

Qorannoon kunis wayita xumuramutti gaaffilee bu’uuraa armaan gadii ni deebisa jedhamee
abdatama.

 Gosoonni Waldiddaawwan asoosama siyaasaa Dirmammuu keessatti mul’atan kam


fa’i?
 Wal diddaawwan asoosama dheeraa Dirmammuu keessatti mul’atan haala kamiin
ijaaramani?
 Faayidaan waldiddaawwan asoosama dheeraa Dirmammuu keessatti mul’atan
asoosamichaaf qaban maali?

3
1.3 Kaayyolee Qorannichaa

1.3.1. Kaayyoo Gooroo

Kaayyoon Gooroon qorannoo kanaa waldiddaa asoosama dheeraa Dirmammuu keessatti


mul’atan yaadiddama bifiyyeetiin qaaccessuudha.

1.3.2. Kaayyolee Gooree

Kaayyoleen gooree qorannoo kanaa:

 Gosoota Waldiddaawwan asoosama dheeraa Dirmammuu keessatti mul’atanii ibsuu.


 Waldiddaawwan asoosama dheeraa Dirmammuu keessatti mul’atan haala isaan itti
ijaaraman ibsuu.
 Waldiddaawwan asoosama dheeraa Dirmammuu keessatti mul’atan faayidaa isaan
asoosamichaaf qaban ibsuu.

1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa


Qorannoon hundinuu kaayyoo gaggeeffamaniif ni qabu. Kaayyoon isaaniis barbaaachisummaa
isaan qaban bu'uura godhateeti. Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa waldiddaawwan asoosama
dheeraa Dirmammuu keessatti argaman qaaccessuu yoo ta'u, barbaachusummaan isaas; Guddina
ogbarruun Oromootiif gahee mataa isaa ni taphata. Sababni isaas ogbarruun Oromoo
xiyyeeffannoo argatee akka barraa'uu fi caacculee asoosamni ittiin barreeffamu keessaa
waldiddaan bifa nama amansiisuu danda’uun kalaqamuu akka qabu qajeelcha. Inni lammaffaan
barreessitoota Oromootiif faayidaa guddaa kenna. Kunis barreessitoonni biroon waldiddaan
asoosamaaf bu'uura ta'uu hubatanii waldiddaa bifa gahumsa qabuun uumuu akka danda’an isaan
gargaara. Sadaffaa irratti qorannoon kunnamoota Waldiddaa irratti hundaa'anii asoosamootafi
hojiiwwan ogbarruu kanneen biroo irratti gadifageenyaan qorannoo geggeessuu barbaadanif
madda ragaa ta'a. Dhumarratti qorannoo kun barsiisotaafi barattoota Afaan Oroomootiif akka
madda odeeffannootti gargaaruu danda'a. Walumaagalatti, bu'aan qorannoo kanaa guddina
afaaniifi ogbarruu Oromootif tumsa guddaadha.

4
1.5. Daangaa Qorannichaa

Hojiileen ogbarruu kanneen Afaan Oroomootiin dalagaman hedduudha. Akkasumas, hojiin


ogbarruu tokko yaaxinaalee ogbarruu kanneen adda addaa bu'uura godhachuudhaan qeeqamuu
nidanda'a. Qorannoon kunis hojiilee ogbarruu Afaan Oromootiin jiran hedduurratti hamma
danda'ameen osoo geggeeffamee bu'a qabeessummaan isaa olaanaa akka ta'e shakkii hinqabu.
Haa ta'u malee sababoota addaddaa kanneen akka hanqina yeroo, maallaqaa, humnaafi kkf. irraa
kan ka'e hojiilee ogbarruu kanneen Afaan Oromootiin barreeffaman fakkeenyaaf, asoosamoota
hundaa walitti qabanii yaaxinaalee qeeqoo ogbarruu jiran hundaan madaalanii qaaccessuun
baay'ee ulfaataadha. Bu'uuruma kanaan qorataan qorannoo kanaas hojiilee ogbarruu keessaa
asoosamarratti kan fuulleffate yoo ta'u qorannichis asoosamoota Afaan Oromootiin barreeffaman
keessaa Asoosama “Dirmammuu” jedhu kan Takilee Qinaaxxiitiin barraa'ee bara 1995 tti
maxxanfame yoo ta'u, yaaxxinaalee qeeqa ogbarruu jiran keessaayis ija yaaxina bifiyyeetti
gargaaramuun caacculee asoosamaa keessaa waldiddaa qaaccessuurratti kan daangeffamedha.
Gama yerootiin qorannoon kun Fulbaana 8,2014 irraa eegalee hanga muddee xumuraatti kan
adeemsifamu ta’a.

BOQONNAA LAMA : SAKATTA’A BARRUU FIROOMINAA

2.1 Yaad-rimee Ogbarruu

2.1.1 Oguma
Ogumni hojii kalaqa dhala namaa ta’ee kan waa’ee jiruufi jireenya dhala namaa ibsudha. Kana
jechuun jiruufi jireenya Addunyaa kanaa seenaa, aadaa, duudhaa, Afaaniifi eenyummaa isaa kan
hawaasichi akka daawitiitti ittiin keessatti of ilaaluufi ibsudha. Akka Asafaan (2009) ibsetti,
dhimmiifi ka’umsi ogbarruu jiruufi jireenya ilma namaati. Kunis, kalaqa sammuu ta’ee
ogummaafi dandeettii, dhageettii keessoo kan ibsu ta’uunsaa wal nama hingaafachiisu.
Kanaafuu, ogumni namootaan qindaa’ee namootaaf kan dhiyaatu; sansakni eenyummaa

5
hawaasaa qindeeffamee kallattii duudhaan, aadaan, fedhiin, gaddiifi gammaachuun, jaalalliifi
jibbi, kaayyoo, karoorriifi kan kana fakkaatu hawaasaaf bifa ifa bahuun kan qophaa’udha.
Adeemsi kunis ogafaaniin, ogbarruufi artiidhaan dhiyaachuu danda’a jedha. Margaa (2016:1).
“Ogumni waa’ee jiruufi jireenya dhala namaa ta’ee, namootaan qindeeffamee namootaaf
dhiyaata” jedha, Asafaan, (2009:20).

Haaluma walfakkaatuun, Fedhasaan (2013:7), “Ogumni kalaqa sammuu ilma namaa ta’ee
ogumaafi dandeettii, aadaa, duudhaa, falaasamaafi haala jiruufi jireenyaa, akkasumas dhageettii
keessoo ofii; gaddaafi gammachuu qaban kan ittin ibsanidha. Akka kanaan namni haala keeessa
jiru oguma fayyadamee barreeffamaan ykn afaaniin mul’ifachuu danda’a, jedha. Dabalataanis,
Ogumni jiruufi jireenya hawaasaa qeequun falaasamaafi beekumsa isaa afaaniifi barreeffamaan
galmeessuu keessatti gahee inni qabu olaanaa ta’uu mul’isa. Kunis, waa’ee jiruufi jireenya dhala
namaa kan ibsu afaaniifi barreeffamaan qindeeffamee kan dhiyaatu qabeenya hawaasni waliin
qabudha jechuudha (Margaa ,2016:1). Ibsa yaadota armaan olii kanarraa ogumni mallattoo
jiruufi jireenya dhala namaa ta’ee duudhaa, aadaafi seenaan hawaasichaa maal akka fakkaatu
namootaan qindaa’ee kan namootaaf dhiyeessu jechuudha.

2.1.2. Og barruu

Og- barruun muuxannoo hawaasni tokko jiruufi jireenya isaa keessatti raawwatu waan ta‟eef,
akkaataan jiruufi jireenyaa kun immoo walxaxaa ta‟uurraa kan ka‟e hiika hunda galeessa itti
kennuun ulfaataa dha.Haaluma kanaan hiikkaawwan og-barruu keessaa tokko Misgaanuu
(2012:8) bifa armaan gadiin kaa‟eera.

Og-barruun ogummaa kalaqqii ykn waa uumuu ta‟ee,muuxannoofi mudannoo


hawaasaati.Muuxannoofi mudannoo kanatu tolee, miidhagee, faayamee tarii gammachiisuuf yoo
hin taane immoo gaddisiisuuf kan ooluu dha.Dabalataanis og-barruun muuxannoo ilma namaa
kan jechaafi gochaan ibsamuu danda‟u hojii kalaqqii jijjiirama keessa lufuu maluu dha.

6
Wanti yaada kanarraa hubatamu og-barruun ogummaa waa kalaquu ta‟ee muuxannoofi
mudannoo hawaasaa kan jechaafi gochaan ibsamu bareechee dhiyeessuun gammachiisuuf
yookaan gaddisiisuuf kan tajaajilu ta‟uu isaa ti.

Dabalataan ogbarruun karaa yaadota bilchaato jireenya keenya keessatti barbaachisoo ta’an ittiin
waliif dabarsinu, dabarsaa aadaa uummataati. Yaada kanaan kan walfakkatu Asafaa (2009:23)
waan jedhu qaba. “Ogbarruun dabarsa aadaa uummataa ta’ulleee, aadaa ummaataa dhalootarraa
dhalootatti dabarsuunis haala miidhagina qabuun qindaa’eeti”, jedha. “Ogbarruun oguma
barbaadamu tokko waraqaa irra lafa kaa’uun kan ibsudhaa” jedha Birhanu (2009:18).
Fedhasaanis (2013:67) yogguu ibsu, “Ogbarruun kalaqa sammuu ilma namaa barreeffamaan jiru
hunda haammata” jedha. Gabaabumatti, ogbarruu jechuun hojii kalaqa ilma namaa ta’ee, aadaa,
seenaa, duudhaa, siyaas-diinagdee, hawaasummaa, amantaa, falaasamaa akkasumas haala jiruufi
jireenya hawaasa tokkoo kan ittiin calaqqisiifamudha. Kunis, bifa miidhaginaafi ofitti nama
harkisuu danda’uun faayamee barreeffamaan yookaan haasawaan kan dhiyaatudha. Kanaafuu,
ogbarruun hojii kalaqaa dhalli namaa barreeffamaan kalaqee waa’ee jiruufi jireenya isaa lafa
kaa’uun walii isaaf bifa bashannansiisaafi gammachiisaa ta’een kan dhiyeessu jechuun ni
danda’ama.

Og-barruunqabiyyeefiakkaataaittiindhiyaatanirrattihundaa'eebakkaaddaaaddaatti hiramuu ni
danda’u.Dastaan(2013:8)waa'eeqooddiiwwanogbarruuyooibsu,“Ogumnibarreeffamaayknogbarru
un(writtenliterature)bakkagurguddoosadittiqoodameedhiyaachuudanda'a.Isaanis:asoosama,ogwal
aloofidiraamaadha." Jedha. Egaa, gooroowwan gurguddoo Og-barruu sadii keessaa asoosamni
isa tokko yoo ta’u, maalummaa fi gosoota isaanii asiin gaditti kan ilaallu ta’a.

2.2. Asoosama
Asoosamni dameewwan ogbarruu keessaa tokko ta’ee tooftaa barreessuu namoonni dhugaa
irratti hundaa’uun kalaqa sammuu isaanii baasanii ittiin mul’isaniidha. Asoosamni kalaqa
sammuu dhala namaa ta’ee, addunyaa dhugaa bakka bu’a jedhamee, haala miira namaa

7
(dubbisaa) harkisuu danda’uun kan barreessaan uumame dha. Asoosamni daawitii jiruuf
jireenyaa kan namootni keessatti of ilaalani dha.

Asoosamaaf beektonni hiika adda addaa kennaniiru. Fedhasaa (2013:67) yoo ibsu, “Asoosamni
ergaa yaada barreessaan kalaqamee suuraa jireenyaa keessatti kaasee kan mul’isuudha,”jedha.
Asoosamni sanyii ogbarruu barreeffamaa ta’ee, hojii kalaqa sammuu ilma namaa kan bu’a ba’ii
hawaasaa adunyaa kana keessatti qunnameefi qunnamuu danda’u uumeefi qindeessee bifa
qabatama ta’een kan hawaasaaf dhiyeessudha.

Akka Birhanun (2009:29), ibsetti, Jechi “asoosama” jedhu jecha Laatinii “fiction’ jedhu kan
hiikni isaa yaaduuf ta’uu kan ta’e irraa kan uumamedha. Asoosamni seenaa dhugaafi
qabataamarratti hundaa’uun hojii uumee yookaan kalaqaa ta’ee kan sadaan (imagination)
barreeffamu muuxannoo hawaasaa ta’uu agarsiisa. Kanaafuu, “asoosamni ogbarruu asoosaan
kalaqamee seeneffama dhugaan osoo hin taane yaaduun barreeffamudha”, jedha. Kana malees,
Zarihuun (1996:152) irratti hiika beektonni adda addaa kennan haala armaan gadiin kaa’eera.
Persi Luubok wabeeffachuun, “Asoosamni fakkii jireenyaati,” jedha. Joseef Waareen Bechi
wabeeffachuun immoo, “Asoosamni fakkii jireenyaa inni kennu qabatamaadha” jedha. Qabata
yaada kanaan asoosamni haala jireenya Nama dhuunfaafi hawaasaa kan mul’isu, jehoota yaad-
uumeen kan bocamuufi dhugummaan jireenyaa mul’atudha. Deevid Deches, wabeeffachuun,
“Asoosamni abjuu irraa kan burqu, tasa kan uumamu yookiin dhugaa kan ta’an kan uumamaniifi
boodas dhugummaa kan argatan seeneffama mudannoofi haalaa ta’uu nama hubachiisu” jedha.
Akkuma ogumoota biroo asoosamni waa’ee jireenya dhugaa dhala namaa kan bakka bu’u
ta’uunsaa yoo beekamellee namoonni isaaf ibsa kennuu barbaadan ibsicha ni gargaaramu.
Zarihuunis, (1996:153) ibsoota kana irraa ka’uun “Asoosamni kalaqa yaad-uumee asoosaa irraan
kan burqu jireenya dhala namaa haala adda addaan walfakkeessuun bocuu kan danda’u garuu
dhugaa kan hin taane hojii kalaqaa ta’uusaa ni hubanna. Asoosamni dhugaa kan hintaaneedha
yoo jedhamu jireenya dhugaa namfakkiiwwan ittiin seeneffamee addunyaa dhugaa keessatti
dhuguma kan raawwatame yookiin iddoofi barri seenichi itti raawwate akkuma jirutti kan
mul’ate miti jechuun ibsa. Asafaan (2009:125) irratti, “Asoosamni hojii barruu sammuu
namaatiin uumamee dubbisuuf dhiyaatudha. Barreessaan asoosama tokko dhugaa jirurratti
hundaa’ee amala, sansaka, hubannoofi namoonni hawaasa keessatti qaban sana namfakkoota
uwwisee ergaa kan dubbistootaaf ittiin dabarsinudha,” jedha.

8
Qabata yaadota armaan olii kanaan asoosamni suuraa jireenyaa ta’ee, suuraa jireenyaa inni
mul’isu addunyaa dhugaa bu’uureffachuu qaba. Amalli asoosamaa inni bu’uuraa suuraan
jireenyaa inni mul’isu qabatamaa ta’uu dha. Dabalataanis asoosamni fakkii lubbu-qabeessa
yaadni sammuu barreessaa keessaa madde ykn gochaalee dhuguma raawwataman
barreessaadhaan uumamanii mudannoofigochaalee adda addaa seenessuuf kan gargaaru dha.
Amalaafi gochaalee dhala namaa bu’uura waan godhatuuf haqa fakkaata.

2.3. Akaakuu Asoosama


Asoosamni akaakuu isaanii irrattii hunda’amuun haala itti aanu kanaan qoodamu: Asoosama
Saayinsii, Jabina Ibsuu (Adventure), Yakkaa (Crime), Seenaa, Jaalalaa (Romance), Sodaachisaa
(Horror), Miira Saal Qunnamtii Kakaasuu (Erotica), Icciitii (Mystery), Kan Laphee Namaa
Rarraasu (Suspense), Kan Yaada Dhugaarraa Fagaatee (Fantasy) fi Kanneen Seenaa Waraanaa
Of Keessaa Qaban (War Stories) ta’uu danda’u. (Araarsaa, 2018:9)

2.4. Caacculee Asoosamaa


Asoosamni caacculee jahaa of jalaa qaba. Isaanis: jaargocha, namfakkii, waldiddaa, yoomessa,
ergaa fi ija ittiin dhihaatudha.( Misgaanuu, 2011)

2.4.1. Jaargocha
Jaargochi akkuma maqaan isaa ibsu ijaarsa gochootaa jechuu dha. Gochaatu duraa duubaan
ijaarama. Waldiddaatu sababa tokko irraa ka’ee walxaxaa deema. Sanatu onnee namaa rarraasa.
Jaargochi utubaa seeneffama tokkooti. Walitti bu’iinsa raawwilee sababa quubsaa irratti
hundaa’anii ykn ijaarsa gochaa kanneen sababaafi bu’aa qabaniiti. Berhanu (2009:35) “The term
plot is used to refer to the arrangement or the sequence of incidents in a work of fiction. Plot
develops as a result of the action and interaction between character,”Jedhee ibsa.Yaada kanarraa
wanti hubatamu jaargochi raawwii gochootaa inni tokko isa biraa sababa godhachuun wal duraa
duubaan raawwataman ta’uu isaanii ti. Akkasumas jaargochi gochaa fi walqunnamtii
fakkaattiiwwan gidduutti taasifamuun kan uumamuu dha.

Yaaduma kana Milborn (2006:2) “ Plot is the sequence of events in story as the author chooses
to arrange them. It is a chain of events, each event is the result of some prior events and the
cause of some subsequent events.” akka yaada kanarraa hubatamutti sabseenaan ta’iiwwan hojii

9
og-barruu tokko keessatti argaman mara kan sababaafi bu’aa walii ta’anii dha. Kun ammoo
dubbistoonni hanga dhuma isaa arganitti hawwiin akka deemaniif gahee guddaa kan qabuu dha.

Ijaargochi akkuma maqaan isaa ibsu ijaarsa gochootaa jechuu dha. Gochaatu duraa duubaan
ijaarama. Waldiddaatu sababa tokko irraa ka’ee walxaxaa deema. Sanatu onnee namaa rarraasa.
Jaargochi utubaa seeneffama tokkooti. Walitti bu’iinsa raawwilee sababa quubsaa irratti
hundaa’anii ykn ijaarsa gochaa kanneen sababaafi bu’aa qabaniiti. Haaluma walfakkaatuun
Zarihuun (2003), jaargochi asoosama tokko keessatti gaaffii maaltu ta’e? maaliif ta’e? jennee
gaafannuuf deebii nuti argannu kan of keessatti qabatu yookiin gochoonni duraa duuba yerootiin
dhihaatan sababa ittiraawwatamaniifi bu’aa isaa kan of keessatti qabatee jiru akka ta’e ni ibsa.
Seenessa keessatti ta’iinsonniifi gochoonni akkasumaan walitti hin dabalamani. Isa duubaafi isa
duraa akkaataa walitti hidhuun danda’amutti dhufa. Kana jechuun inni tokko isa biroof sababa
ta’ee, seenaan dabalamaa deema jechuudha.

2.4.2. Namfakkii
Namfakkiiwwan ykn fakkaattonni namoota asoosama keessatti maqaan moggaafamee, akkuma
namoota addunyaa dhugaa irra jiranii, amala namoota adda addaa gonfatanii,
addunyaaasoosamaa keessa kan jiraataniidha. Namfakkiiwwan kanneen caacculee asoosamichaa
kanneen biroo wajjin qindaa’aniiilaalcha yookaan yaada barreessichi jireenyaaf qabu kan ittiin
ibsatu meeshaalee olaanaaakka ta’an (Zarihuun, 2003) ni ibsa.

Dabalataan Harry Shaw (1905:7) yoo jabeessu, “In literature character has several other specific
meanings. Notably that of a person represented in a story, novel play and etc,” jedha. Yaada
kanarraas wanti hubatamu hojii ogbarruu keessatti bakka bu’ummaa namoota addunyaa dhugaa
kanarraa fudhachuun fakkaatanii gochuufi seenaa asoosamaa, diraamaafi taphoota keessatti ga’ee
olaanaa qabaachuu isaanii hubanna. Itti dabaluun Kirszerfi Mandell (1994:189) maalummaa
namfakkii yoo kaasan “a character is a functional representation of a person usually
psychologically realistic depiction of a person,” jedha. Akka yaada kanaattis, fakkaattotni
namoota jiranitti fakkeeffamuun kan uumaman malee dhugaan namoota addunyaa kanarra jiran
akka hintaaneedha. Namfakkiin asoosama tokkoo akkuma namoota addunyaa dhugaa irra jiranii
kan wallolan,kan waljaallatan, kan michooman, kan walfuudhan, kan walgowwoomsan, kan
walgidirsaniidha. Gochaa namfakkiiwwaan asoosama tokkoo hawaasa keessa hedduu
isaaniibarbaadanii arguun nidanda’ama.Haa ta’u malee, foonii fi lubbuu namfakkiiwwanii

10
addunyaa dhugaa(hawaasa) keessaa barbaadanii arguun hin danda’amu.Namfakkiiwwan
hirmaannaa asoosama keessatti qabaniin bakka lamatti qoodamu. Isaanis: Namfakkoota
gurguddoofi namfakkoota xixiqqoo jedhamu. Namfakkiiwwan gurguddoon asoosama keessatti
hirmaannaa olaannaa kan qaban yoo ta’an, namfakkiiwwan xixiqqoon immoo namfakkoota
gurguddoo tumsuuf yeroo barbaadamanitti kan dhufani dha.

2.3.3. Yoomessa
Yoomeessi jechoota lama irraa kan walitti dhufe yoo ta’u, yeroofi bakka taateen asoosama
tokkoo itti raawwate kan ibsuudha. Yoomeessi asoosama tokkoo kan ilaalamu bakkaafi yeroo
fakkaattonni asoosama tokkoo kalaqamanii keessa jiraatanidha. Bakka kanas kan fakkaattotaaf
qopheessu asoosessaadha. Benice,(1987:71) yemmuu ibsu “setting is where a story is takes
place. A setting may represent the real world verisimilitude it may or oratory a totally fanciful
world of the author’s invention, or it may create a sense that the story could have occurred at any
place and time”. Yaada kanarraa waanti hubatamu yoomeessi bakka fakkaattonni ta’iiwwan adda
adda itti raawwataniidha. Bakka kana kan qopheessee keessa jiraachisu barreessaa
asoosamaati.Yaada kana toorri interneetii https://www.google.com/ setting wabeeffachuun yeroo
kaa’u, “The setting is both the time and geographic location within a narrative, either nonfiction
or fiction. A literary element, the setting helps initiate the main backdrop and mood for a story. .
Elements of setting may include culture, historical period, geography, and hour” jedha. Akka
yaada kanaan ifetti yoomessi yeroofi iddoo raawwii ta’eewwan hojiilee asoosamaafi
alasoosamaa ta’uu isaati. Kana malees, aadaa, seenaafi ta’eewwan yeroo keessatti irra caalmaan
yaadataman of keessatti haammata.

2.3.4. Ija (Kallattii Seenessoo)


Ijji caaccuu asoosamaa keessaa isa tokkoodha. Ijji asoosamaa seenichi kan seeneffame ija
eenyuutiin ilaalameeti? Gaaffii jedhuuf deebii kan kennu ta’ee kallattii ykn akkaataa barreessaan
seenaa asoosamasaatii itti dhiheessu ykn kallattii seenichi itti seeneffamuudha. Ragaan
intarneetii irraa argame tokko https://www.google.com/point yoo ibsu, “Point of view is the
narrative point of view” how the story is told more specifically, who tells it” jechuun ibsa.
Milhorn (2006:11) maalummaa ijaa yoo ibsu, “ The point of view of a novel is the perspective
from which the reader is allowed to view the action and the characters,”jedha. Iji dubbii
asoosama gosa garagaraa qaba.Gosti ija dubbii inni jalqabaa, ija dubbii waan hunda beekaa

11
jedhama. Iji waan hunda argu kun sammuu namfakkootaa keessa seenuun, waan namni tokko
yaaduufi itti dhaga’amu baasee seenessa. Wanti isa jalaa dhokatu hinjiru. Iji dubbii asoosamaa
kan biroo, ija akdiraamaa jedhama. Iji akka diraamaa osoo iji waa hundaa argu seenee
hingabaabsin namfakkootuma gidduutti waliin dubbii godhuun raawwatama.

Yaada kanarraa wanti hubachuu dandeenyu ijji (kallattiin seenessoo) asoosamaa kan dubbataan
(namfakkiin) ittiin of waamu ta’uu isaati.

2.3.5. Ergaa
Ergaan dhaamsa barreessaan dabarsuu barbaade, kan yaada wiirtuu asoosamichaahammatudha.
Kan barreessan deemsaseenaa asoosamichaa keessatti tuttuqu, kan walitti dhufeenya namfakkii,
jaargocha, yoomessa, k.k.f. irraa uumamuufi kan dubbisaan qoratee hubatuudha. Lammaan
(2019)Trimmer (1995:3)wabeeffachuun ergaa yoo ibsu, “Theme is the central and unifying idea
about human experiance that grows out of all the other elements in the story,” jedha. Yaadni
kunis ergaan caacculee asoosamaakanneen biroo irraa akka argamu yookiin hubatamu agarsiisa.

2.3.6. Waldiddaa
Caacculee asoosamaa keessaa tokko waldiddaadha. Addunyaan asoosamaa gaaddidduu
addunyaa dhugaa kanaa waan ta’eef, namfakkiileen addunyaa asoosamaa keessa jiranii
waantoota jireenyaaf isaan barbaachisan argachuuf walitti bu’uun isaanii waan oolu miti.
Waldiddaan, walitti bu’iinsa namfakkiilee asoosama ykn seeneffama tokko keessatti qooda
fudhataniifi. Walitti bu’iinsi kun sababa garaagaraatiin ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf
garaagarummaa fedhii, ilaalchaa fi kkf irraa madduu danda’a. karaa biraa immoo waldiddaan,
walfalmii namfakkii muummee fi humnoota biroo gidduutti mul’atuudha. (Alamituufaa,
2011:44).

Yaaduma kana Birhaanuun (2009:36-37) “ Conflict is the struggle between opposing forces,and
also an essential element because it moves the story forward.” Yaadni kun kan mul’isu
waldiddaan waldhabbii qaamota walii faallaa ta’an gidduutti uumamuufi caaccuulee asoosamaa
keessaa baay’ee murteessaa ta’uu isaati. Kun immoo seenichi gara fuulduratti akka deemu
taasisa.

Melakneh. (1999;63) waldiddaa yoo ibsu, “Conflict is a clash of actions,ideas, desire or will.”
Jedha. Akka yaada kanaatti waldiddaan, walitti bu’iinsa gochootaa, yaadaa fi fedhii namfakkoota

12
gidduutti uumamu ta’uusaati. Edmund, etal. (2005) akka ibsuttutti, “A conflict is a struggle
between two forces in literary work.” Akka yaada kanaatti waldiddaan hojii ogbarruu keessatti
qabsoo humnoota lama gidduutti taasifamu ta’uusaati. Barry.et.al.(ed).(1992;184) immoo yoo
ibsu, ”Conflict is a struggle between opposing forces that is the basis of the plot of a story.”
Jechuun ibsa. Yaadni kun waldiddaan jargocha seenaa tokkoof bu’ura ta’ee, qabsoo humnoota
walfaallessan gidduutti adeemsifamu ta’uusaa agarsiisa. Asoosama tokko keessatti waldiddaan
qooddattoota gidduutti (Physical Confilct), qooddataafi hawaasa gidduuttii (Ethical conflict)
akkasumas, qooddatama tokko keessatti (Emotional/Psychological) uumamuu danda’a.

2.3.6.1 Gosoota Waldiddaa

Waldiddaan asoosamaa bakka gurguddoo lamatti hiramu. Isaanis Waldiddaa alaa fi Waldiddaa
keessaati. Toorri maarsariitii prowriting.com Waldiddaa bifa armaan gadiin qooda.

"There are two basic kinds of conflict: external and internal, which have been further
categorized and codified in many different ways over time."
Yaadni waraabbii kun Waldiddaan gosa gurguddoo lamatti qoodamu yoo ta’u; isaanis Waldiddaa
alaa fi Waldiddaa keessaa ta'uu mul'isa.

2.3.6.1.1 Waldiddaa Alaa (External Conflicts)


Waldiddaan alaa qooddattoonni qaama isaaniin alatti argamu,human alaatiin yommuu
walmorman kan uumamudha.

1. Waldiddaa Qooddataafi Qooddataa (Character vs .Characher)

Waldiddaan qooddataa fi qooddataa gidduu waldhabbii namoota lamaa kan fedhii fi kaayyoo
addaa addaa qabanii yoo ta'u seenaa asoosamaa keessatti gosa waldiddaa baldhinaan
raawwatamudha. Barruun toora maarsariitii prowritingaid.com waldiddaa qooddataa fi
qooddataa yommuu ibsu:-

"Also called man vs. man and protagonist vs. antagonist, this is the most common type
of external conflict. It is clear and universally understood as a good vs. evil story in
which an unambiguous challenger opposes the main character. The heart of this type of

13
story involves two characters with opposing outlooks, opinions, or goals. The story will
become richer when both characters believe themselves to be right or when there is no
clear right or wrong between their differences."Jedha.

Yaadni waraabbii kanaa kan mul'isu, waldiddaan namaa fi namaa waldiddaa alaa keessaa kan
baldhinaan muldhatu ta’ee, qooddattoota lama ilaalcha, yaadaa fi galma garaagaraa qaban
gidduutti kan uumamu dha. Qooddattoonni lamaan ejjennoo isaaniitti amanuun falmachuun
isaanii immoo seenaan asoosamichaa cimaa akka ta'u taasisa. Kanaaf, waldiddaan qooddataafi
qooddataa gidduu garaagarummaa ilaachaa, yaadaa fi ejjennoo qooddattootni qabanirraa kan
ka’e qaamonni hunduu yaada 'ofiif ani sirriidha 'jedhu qabatanii yommuu walmorman kan
uumamu ta'uu argina.

2. Waldiddaa Qooddataa fi Uumamaa (Character vs. Nature)

Waldiddaan qooddataa fi uumamaa kan mul'atu yommuu qooddattoonni humnoota uumamaa


milkaa’ina isaanii danqan waliin walfalman kan uumamudha. Barruun toora maarsariitii
prowritingaid.com yaada kana yommuu ibsu,

"This type of conflict counters a character against some force of nature, such as an
animal or the weather."

Gosti waldiddaa kanaa yommuu qooddattoonni human uumamaa kanneen akka bineeldotaa fi
haala qilleensaa faana walmorman kan uumamudha.

3. Waldiddaa Qooddataa fi Hawaasaa (Character vs. Society)


Waldiddaan qooddataafi hawaasaa kan uumamu yommuu qooddattoonni galma isaanii gahuuf
jecha duudhaafi seera hawaasaa cabsuun hawaasa waliin walitti bu'an kan uumamudha.

Barruun maarsariitii prowritingaid.com yommuu ibsu,"

"When a novel sets a character against a tradition, an institution, a law, or some


other societal construct ,it is a Person vs.Societys tory."

14
Akka yaada barruu kanaatti waldiddaan kun qooddattoonni aadaa, duudhaa, seeraafi dhaabbilee
hawaasaa waliin walmormuun waldiddaa uumamudha.

5. Waldiddaa Qooddataa fi Uumaa (Character vs. Supernatural)


Gosti waldiddaa kanaa immoo yerootti qoddattootni asoosamichaa haalaafi yeroo addaadda
keessatti fedhiin isaanii guuttachuu dadhabuun uumaa isaanii irratti mormii dhageessisan kan
uumamudha.

2.3.6.1.2 Waldiddaa Keessaa (Internal Conflict)

1. Waldiddaa Qooddataa fi Ofiisaa

Waldiddaan qooddataafi ofii isaa kan uumamu yommuu qooddataan yaada sammuu isaa
mo'achuuf yookiin qajeechuuf xiinsammuu isaa faana morkii taasisu uumama. Barruun
maarsariitii prowritingaid.com akka ibsutti,

"A character battling inner demons, one who has an inner moral conflict, or is
simply striving to become a better person is in a Person vs. Self conflict."
Akka yaada waraabbii kanaatti, Waldiddaan qooddataafi ofii isaa qooddataan diina keessoo
isaafi haamilee keessa isaa faana walmormu yookiin yommuu qooddataan nama gahaa ta’uuf
carraaqu walmormii uumamudha.

15
KUTAA SADII : MALA QORANNICHAA

3.1. Saxaxa Qorannichaa

Gosaafi akaakuu odeeffannoo qorannoon tokko bu'uura taasifatuu bifa garaagaraa qabaachuu
danda'a. Kanneen keessaa qorannoowwan ogbarruurratti taasifaman yeroo baay'ee mala sakatta'a
yookaan xiinxala barruutti dhimma ba'uun odeeffannoo funaanuurratti fuulleffatu. Malli sakatta'a
barruu immoo mala qorannoo akkamtaa jalatti ramadama. Kanuma bu'uureffachuun, qorataanis
mala kanatti dhimma ba'uun qorannoosaa gaggeesseera.

3.2. Madda Odeeffannoo


Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa waldiddaa asoosama dheeraa Dirmammuu yaadiddama
bifiyyeetiin qaaccessuudha. Bu'uuruma kanaan gosti qorannoo mata-duree kanaaf filatamu gosa
Qorannoo akkamtaa yoo ta'u, maddi odeeffannoo qorannoo kanaa immoo madda odeeffannoo
sadarkaa tokkoffaa yoo ta’u, maddi odeeffannoo isaas, kitaaba asoosama Seenaa Afaan Oromoo
"Dirmammuu " ta’a. Qorannoo kanaaf maddi ragaa tokkoffaan kan filatamee ragaaleen qorannoo
kanaaf oolan kallattiidhaan kitaaba asoosamaa Dirmammuu keessatti waan argamaniifi.

3.3. Iddattoo Fi Iddatteessuu


Iddatteessuun adeemsa naannawaa qorannoon irratti geggeeffamu keessaa tuuta qorannoo sanaaf
malu fudhatanii itti fayyadamuuti. Adeemsa kana keessattis mala iddatteessuu qorannoo sanaaf
mijatu filachuun milkaa’ina qorannichaatiif murteessaadha. Bifuma kanaan gosoota iddattoo
keessaa qorannoo kanaaf kan filatame mala iddatteessuu miti-carraa (non-probability sampling)
yoo ta'u, mala kana keessaa immoo malli akkayyoo (purposive sampling) filatamuun dhimma itti
bahameera. Malli akkayyoo kan qorataan kaayyoo isaa irratti hundaa'ee kaayyoo isaa sana
galmaan ga'uuf ofii isaatii iddattoo kan murteessudha. Kanaaf, qorataan qorannoo kanaas
asoosamoota Afaan Oromootiin barraa'anii maxxanfaman keessaa asoosama "Dirmammuu"
kan Takilee Qinaaxxiitiin barreeffamee bara 1995 tti maxxanfame filachuun asoosamicha
keessaa immoo qabiyyeewwan waldiddaa of keessaa qaban irratti kan xiyyeeffachuun qorannoo
isaa adeemsiseera.

16
3.4. Mala Odeefannoon Ittiin Funaaname

Qorannoon kun qorannoo qulqullinaa isa qaaccessa yookiin xiinxala Kitaaba asoosamaarratti
gaggeeffamu waan ta'eef, malli funaansa ragaa qorannichaamala sakatta'a dookimentii ykn
sakatta'a harshammeeti. Mala funaansa ragaa kana ilaalchisee, Dastaan (2013:131)
"Barreeffamoonni akka odeeffannoo qorannootti nama fayyadan hedduutu jira.Isaan keessa
kanneen akka kitaabootaa, xalayootaa, gaazexootaa, barruulee adda addaa, waraqaa ragaa,
nagahee, qaboo yaa'ii, barreeffama murtii, yaadannoofi kanneen kana fakkaatan ta'a.
Barreeffamoonni kunneen mana kitaabaa ykn namoota harkatti argamuu danda'u.,” jedha.
Haaluma kanaan, qorataanis kitaaba asoosama Dirmammuu irra deddeebi'uun dubbisuun
qabiyyeewwan waldiddaa asoosamaa waliin walqabatan achi keessaa funaanuun dhimma itti
baheera.

3.5. Mala Qaaccessa Ragaalee


Qorannoo kana gaggeessuuf qoratichi mala qaaccessa ragaa akkamtaatti dhimma baheera.
Odeeffannowwan funaanaman qaaccessuuf adeemsa qorannoon akkamtaa ittiin qaacceeffamu
keessaa immoo malli qaacceessa barruu isa tokkoo dha. Mala kana ilaalchisee Alen(2003) akka
ibsutti “ Malli qaacceessa barruu, do'ii, filmii, kitaabilee adda addaa fi barruulee irraa yaadota
argaman qaacceessuuf gargaara,” jedha. Haaluma kanaan, yaadawwan bu'uuraa kaayyoo gooree
qorannichaa irratti hunda'uun keeyyattoota asoosamootaa keessaa hojii qorannichaaf ragaa ta'uu
danda'an keessaa baasuun fudhachuun ragaaleen qoqqodamanii qaacceffamaniiru. Kunis
ragaaleen asoosama filatame keessa jiran erga funaanamaniin booda fuula ragaan irraa argame
eeruun haalli hojii asoosamichaa fi waldiddaawwan achi keessa jiran qaacceffamanii
ibsamaniiru.

17
18

You might also like