You are on page 1of 26

XINXALA JECHOOTA SAFUU DUBARTOOTA OROMOO

QORATTUUN: LEENSAA TUJUBAA

GORSAA: TAFARII GABAYYOO (M.A)

GABAASA QORANNOO ULAAGAA DIGIRII JALQABAA AFAAN OROMOO FI


OG-BARRUU GUUTTACHUF QOPHAA’E

YUUNIVARSSTII MATTUU KOOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI


NAMUUMAATTI MUUMMEE AFAAN OROMOO FI OGBARRUU

AMAJJII, 2013

MATTUU OROMIYAA
Qorannoo mata duree xinxala jechoota safuu dubaartoota oromoo jedhuu jalqabaa kasee
hanga xummuraatti ulaagaa qorannon tokko gutuu qabu gutuudhan dhunfaakootiin
hojjeedhee xummureera. Yuunveersiitii biraatti qorannoon kun kan hin hojjetamne
ta’uusas mallattoo kon mirkaneessa.

Qorattuu------------------------

Mallattoo------------------------

Guyyaa------------------------------

Gabaasni qorannoo kun ulaagaa qorannoo tokkoo kan guute ta’uusaa mallattookon
mirkaneessa.

Gorsaa----------------------

Mallattoo---------------------------

Guyyaa--------------------------
GALATA

Dursa Waaqayyoo isaa na gargaareef galanni haa ta’u.Itti ansuun maatii koo osoo hin nuffiin
hangaa xumuraa barnoota kotti na cinaa dhabbachuun na deggaaraa turaniif galanni koo
guddaadha. Kana malees yeroo isaani harsaa gochuun dogoggoora koo sirreessu hanga xumura
qorannoo kootti kan na gargaraan gorsaa koo barsiisaa Tafarii Gabayyoo(M.A) baay’een
galateeffadha. Dabalataanis namoota kallattii garaagaraan muxannoof ogummaa qabanniin
nabira dhabbachaa turaniif galanniko guddaadha.

i
AXERERAA
Qorannoon mata duree xinxala jechoota safuu dubartoota oromoo irratti kan
xiyyeeffatedha.Kaayyoo gooroon qorannoo kanas xinxaala jechoota safuu dubartoota oromoo
walii gala kan ibseedha.Odeeffannoon funaaname mala afgaffii fi marii ,gareen kan funaanam
an y’oo ta’u qacceeffamaniru.Haaluma kanaan malleen qorannoon kun itti adeemsiifame mala
iddatteessuju miti carraa keessaa mala iddatteessuu akkayyootti dhimma bate jirti.Maddi raga
qorannoo kanaaf dhimma itti bahaame madda raga tokkoffaadha.Odeeffannoon madda raga
irraa afgaffii fi maree gareen walitti qabaman hiika argataniru.Haaluma kanaan waraqaa
gabasa qorannoo kana keessaatti cunfaa,argannnoo fi yaboo dhihaataniru.Walumaa galatti
gabaasa kana keessatti seen dubee qorannicharraa kasee hanga yabootti qabxileen gararaa
ibsamaniru.

ii
BAAFATA

Qabiyyee Fuula
GALATA .........................................................................................................................................................i
AXERERAA....................................................................................................................................................ii
BOQONNAA TOKKO :SEENSA.....................................................................................................................1
1.1 SEEN DUUBEE QORANNICHA...............................................................................................................1
1.2 ka’umsaa Qarannichaa........................................................................................................................1
1.3 kayyoo qorannichaa.............................................................................................................................2
1.3.1 Kayyoo goroo....................................................................................................................................2
1.3.2 Kayyoo goree...................................................................................................................................2
1.4 Barbaachiisummaa Qorannicha...........................................................................................................2
1.5 Daangaa Qorannicha............................................................................................................................3
1.6 Hanqina qorannicha.............................................................................................................................3
1.7.Haala Naannoo....................................................................................................................................3
BOQONNAA LAMA:SAKATTA’A OGBARRUU...............................................................................................4
2.1 FOOKILOORII........................................................................................................................................4
2.2.1 Maalummaa fookiloorii.....................................................................................................................4
2.2.1 Faayidaa fookiloorii...........................................................................................................................4
2.2.2 Gooroowwaann fookiloorii..............................................................................................................5
2.2.3 Wanta aadaa.....................................................................................................................................5
2.2.4 Duudhaa hawaasa.............................................................................................................................5
2.2.5 Aartii sochii hawaasa.........................................................................................................................5
2.2.6 Og-afaan...........................................................................................................................................6
2.7 Maalummaa jechoota safuu dubaartoota oromoo..............................................................................6
2.8 Faayidaa jechoota safuu dubartoota oromoo....................................................................................6
BOQONNAA SADII:MALLEEN QORANNICHAA............................................................................................7
3.1iiiSaxaxa qorannicha...............................................................................................................................7
3.2 Madda ragaalee...................................................................................................................................7
3.3 Jamaa qorannicha................................................................................................................................7
3.4 Mala Iddattoofi Iddaatteessuu.............................................................................................................7
3.4.1 Iddattoo qorannicha.........................................................................................................................7
3.4.2 Mala Iddatteessuu............................................................................................................................8
3.5 Mala Funaansa raga.............................................................................................................................8
3.5.1 Afgaffii...............................................................................................................................................8
3.5.2 Marii garee........................................................................................................................................9
3.6 Mala qaacceessa ragaalee....................................................................................................................9
BOQONNAA AFUR :QACCEESSA RAGAALEE...........................................................................................10
4.1. Jechoota safuu dubartoonni oromoo qaban...............................................................................10
4.1.1. Sirna fudhaaf heerummaa ilaalchisee......................................................................................11
4.1.2. Gamaa dubaartii oromoo kanaan jechoonii isheen warra gurbaaf qabduu.................................11
4.1.3 Dubaartiin Oromoo Tokko Herumtee hamam iddoo kabaja missirummaa ishee turti................12
4.1.4. wantoota Dubaartiin Oromoo Tokko Aadaaa Beekuu Ishee Ittin Ibsan...................................12
4.2. Faayidaa jechoonni safuu dubartoota Oromoo qaban................................................................12
4.2.1. Safuu Eeguun Namootni Nagaan Akka Waliin Jiraatan Taasisa.................................................12
4.2.2. Safuun Namootni Akka Eebba Qabatan Taasisaa.........................................................................13
4.2.3. Safuun Namoonni Hawaasumaa Garii Akka Qabatan Tasisa....................................................13
BOQONNAA SHAN:CUUNFAA ARGANNOO FI YABOO............................................................................14
5.1 Cuunfaa............................................................................................................................................14
5.2 Argannoo.........................................................................................................................................14
5.3 yaboo...............................................................................................................................................15
Wabiilee.................................................................................................................................................16

iv
BOQONNAA TOKKO: SEENSA

1.1 SEEN DUUBEE QORANNICHA


Hawaasni oromoo hawaasa aadaafi safuu eegacha jiraata turefi jiraacha jiru ta’uu hayyoonni
adda adda ibsani jiru. Dafaa (1983f,88) yeroo ibsuu ,sabni oromoo duraan safuu ittin jiraatu
qaba. Yaada kanarraa Kan hubaatamuu hawaasni oromoo durumaa kasee safuu beekufi
qabaachuu isaaniiti.akkaa diribii (2005f.58) ibsuti immoo uumaannii oromoo safuu eegaata
shanan seera gadaa oromoo keessa safuu eegaachuun isa duraati. Safuun hin tumamuu garuu ni
eegama ykn ni kabajama jedha. Halumaa wal fakkaatuun young(2007f.3) safuun mirgafi
dirqama namni qabu kan barsiisu ta’uu ibsa. Safuun dirqama maatii fi hawaasa keenya keessatti
qabaachuu qabnu nuttii agarsiisa. Jechoota akkami enyuuf,yeroo akkamii gargaarmuu akka
qabnu illee safuun nu qajeelcha. Hariiroon safuu hawaasan hin deeggaramnee maal akka ta’uu
danda’uuyaaduuniyyuu rakkisaadha.

Yaadni safuu dhibnaan jiruufi jireenyi toora isaa gaddhisaa waan ta’eef jiraachuun isaa
barbaachisadha yaada jedhuu nu hubaachiisa. Afaan riqichaa aadaa hawaasa meeshaas ta’ee
waan hin mul’anne kan argaa yaadaan jiru ittin ibsaaniifi hawaasni akka waalii galu kan taasisu
ykn mallattoo saba tokko saba biraa irraaadda baasuuf kan tajaajilu ta’uu beektonni ibsaanii jiru.
Schaeter (2006 f62) afaan yoo ibsuu afaan hiikaa wantoota fi aadaaf kan kennuu kunis jechaan,
barreeffaman, lakkoofsaan, mallattoofi sagaleen ala sochii qaamanis ta’uu mala yaada jedhu
hubanna.

1.2 ka’umsaa Qarannichaa.

Qorannoo kanaa hojjechuuf qorattuu kana kan kakaasee jechoota safuu dubaartota oromooon
qaban safefacha waalin jirata turanif jiracha jiran irrati irranfatama waan jiruf qoranoo gagessun
mangudootaa oroomoo jechotaa safuu dubartoota oroomoo beekan iyyaafadhe galmeessuun
garaa barrefaamati jijjiire dhaootaa dhufuuf dabaarsuuf qorattuu kanaf fedhii kessaa isheeti
1
umeeraa. Amman dubbiseetti qorannoowwaan kanan duraa kallatii mata dure kanan gaggeeffame
waan hin argamnef jechota safuu dubbartoota oroomoo sammuu manguddootaan darbaa as gahe
garaa barreffamati jijjiruun dhalotaa dhufuuf dabaarsuufidhaa. Halumaa kanan qorranoon kun
gaggeeffaamee yeroo xumuramu gaaffilee bu’uraa armaan gadiif debbiin ni argama jedhame
yaadama.

Gafiilen bu’uraa kunis

 Jechooni safuu dubartoota Oroomoo kessa jiraan mal faa’ii?


 Jechooni safuu dubartoootaa Oromoo fayyidaa malii qabu?

1.3 kayyoo qorannichaa

1.3.1 Kayyoo goroo


Kayyoon goroo qorannoo kana xinxala jechootaa safuu dubartoota Oroomooti.

1.3.2 Kayyoo goree


 Jechoota safuu dubartoota Oroomoo kessa jiraan ibsuu.
 Faayidaa jechoonni safuu dubartoota Oromoo qaban.

1.4 Barbaachiisummaa Qorannicha


Qorannoon kamiyyuu Kan geggeeffamuuf faayidaa adda addatiif. Qorannoon kun bu’awwaan
armaan gadii agarsiisuuf akka danda’uuf bu’awwaan kuneenis

Namoota gara fulduraatiti qorannoo kana fakkaatuu geggeessuu barbaadaniif akka madda
ragaatti fayyaaduu dandaa’a.

Xinxali jechoota safuu dubartoota oromoo akka hin jijjiramneef gama barreessuutiin ol
ka’eeraa .jechoota safuu dubartoota oromoo ta’an funaanuun dhaloota itti anuuf dabarsuuf
qorannoon kun hojjetameeraa.

Qorattuun kun safuu hawaasa ishee keessa jiru haalan akka beektuuf gargaara.
2
Dhaloonni safuu hawaasa kana faayidaa isaa akka hubaatan gochuun baadirraa hambisuu
dandaa’a
Namoonni carra argatanii dubbiisaan wa’ee safuu hawaasa nannoo kana akka hubaatan dandii
saaqaf.

1.5 Daangaa Qorannicha.


Akkaa Aadunyaan (2011fi 56) ibsuti daangaan qorannoo bakka odeeffaattatii qaabiyyeedhaan
kan daanga’uudha jedha.

Qorrannoo kunis Kan bu’uura godhaatu og-afaan irraattii.

Mata dureen qorannichas kan inni irraatti xiyyeeffaatuu daangaan qorrannoo kana xinxala
jechoota safuu dubaartoota oromoo irraatti kan bu’uureeffaateedha.

1.6 Hanqina qorannicha.


Qorattuun qorannoo kana geggeessuu irraattii hanqinaalee mudatan.

Kitaabilee wabii hedduu dhabuu.sababiinsaa jechoota safuu dubartoota oromo barreeffamanii


jiran muraasa ta’uu irraan ka’ee kitaabilee gargaara kallattii kanan barreeffaman argaadhe
dubbiisuu hin dndeenye.haa ta’uu malee fiixaan ba’iinsa qorannoo kanaaaf kitaabilee muraasa
argaamaniiti fayyadamee odeeffannoon gaafatamtoota irraa argadheen gabbisee qorannoo kana
walumaa galatiii bifa dandaa’ameen rakkoowwaan naa mudaatan irraa darbuun qorannoo kana
geggeesseera.

1.7.Haala Naannoo
Odeeffannoon kan funaanamee aanaa mana sibuu yoo ta’u magaalan aanaan kun Keessatti
argamtu mandii jedhamti.Aanaan mana sibuu manneen barnoota sadarkaa tokkooffaa hanga
qophaa’inatti manneen barnoota dhuunfaa fi uummata kan ofkeessaa qabdu yoo tatuu haalli
teessuma ishee badda dareedha.Aanaan kun magaala gudditti biyyatti finfinnee irraa kilomeetira
583 yoo ta’u magaala godinaa ginbii irraa 180 kan fagaatte argamtudha.Aanaa kun gandoota
badiyyaa 21 fi magaala sadii qabdi.Aanaan kun walumaagalatti gandoota 24 yoo qabaattu
3
saboonni garagaraa kan keessa jirataanidha
BOQONNAA LAMA:SAKATTA’A OGBARRUU

2.1 FOOKILOORII.
Fookilooriin akkumaa beekamuu jecha lama irraa kan dhufedha.innis garee hawaasa kan
hawaasni tokko waliin qabaatu kaneen akka dandeetii , muxxannoo , beekumsaa ogumaa, safuu
aadaa duudhaa siyaasa, dinagdeefi kanneen kana fakkaatan kan waliin qoodaatan fookiloorii
jedhama.

2.2.1 Maalummaa fookiloorii.


Fookilooriin bu’aa sammuu dhala nama keessatti kuufamee beekumsaa muxxannoofi jiruuf
jireenya kan ittin ibsaataniidha.

Fookiloorii kunis afaaniin dhaloota dhalootattii darbaa kan dhufefi ammas darba kan jirudha.
Garaa fuuladuraatiis kan darbuudha.

Yaada kana geetachoon (2008;775) irraatt yemmuu ibsuu fookilooriin gosa ogumaa ta’ee haala
jiruufi jireenya dhaloota darbe kan ammas kan dhufus kan ibsudha.seenaa jireenya qaroominafi
guddinaa irraa jiran kan dabarsuudha jechuun ibsa. Uummaatni oromoo osoo waraqaf qalamaan
wal hin argini naannoo isaa amaanta isaa , seeraaf heeraa isaa akkasumaas falaasamafi kanneen
biroo fookilooriin ibsaata ture. Ammas ibsaata jira. Akkasumas misgaanuun(2011;27) irraattii
yemmuu ibsuu fookilooriin eenyummaa ilaalcha haala jiruufi jireenya beekumsaa, aadaa
duudhaafi muxxannoowwaan hedduu kan calaqqiisiisu akka ta’ee ibsa. Yaadumaa kana kan
fakkaatuu Dorson (1979;15) irraatti yemmuu ibsuu fookilooriin jecha aadaadhaan walfakkaatuu
ta’ee wanta dhaalii nama rawwatu kan bakka bu’uufi gochaalee rawwataman kan qorattuudha
jechuun ibsa. walumaa galaatii fookiloorin qabeenya hawaasa ,duudhaa, aadaa, amaanta safuu
falaasama hawaasa, beekumsaa fi kan kana fakkaatan kan of keessatti qabatudha.

2.2.1 Faayidaa fookiloorii


4
F ookiloorii gaafa kafaanuu wa’ee beekumsaa ,ogumaa duudhaa, safuu , kalaaqa hawaasa
guutuummaa guutuuttii of keessaattii qabate argama. Faayidaan fookiloorii duudhaa safuu,
falaasama, aadaa. Haala jiruufi jireenya hawaasa barsisuudha. Itti dabalees amala ofituummaafi
olaantummaa dhaabamsiisuuf tokkummaa hawaasa cimsuuf faayada

2.2.2 Gooroowwaann fookiloorii.

Gooroowwaaan fookiloorii dorson( 1972) bakka gurgudaa afuriiti qooda isaaniis.wanta aadaa
duudhaa hawaasa, Aartii sochiihawaasaf og.afaan kanneen kun akka armaan gadiiti dhiyaatu.

2.2.3 Wanta aadaa.


Gooroowwaan fookiloorii keessaa wanti aadaa isaa tokko. Wanti aadaa kan hawaasni oromoo
aadaa isaa kan ijan mul’atuuf kan harkaan qaqqabaamuu dhaaloota tokko irraa dhaloota itti
anuutii dabaarsuudha.

Wanti aadaa oromoo eenyummaa aadaa saba keenya kan ibsaniidha.

2.2.4 Duudhaa hawaasa.


Duudhaa hawaasa kaneenn jedhaman kan yeroo amaantan wal qabataaniifi rawwii adda adda
keessaatti kan mul’ataniidha.akka dorson (1972;110) ibseti duudhaa hawaasa kanneen jedhaman
cehumsaa sadarkaa waaqeffannafi amantaalee ‘kabaja ayyaana lakkoofsa baraatti.

Duudhnii hawaasa kun dhimmaa ayyanoota adda adda kanneen wa’ee amantii waliin wal
qabatan jechuun hawaasan waan dhugomuuf aadaa ijaan kan hin argamnefi harkaan kan hin
qaqqabamnedha.

2.2.5 Aartii sochii hawaasa.


Artii sochii hawaasa kan hawaasni oromoo og-afaaniiti lubbuu horuuf gargaaramuudha.Aartiin
sochii hawaasa gooroowwan fookiloorii hundaa keessaatti yoo ba’ee mul’achuudha baatee
rawwiin osoo itti hin yaadamiin godhaamani illee ni argama.

5
2.2.6 Og-afaan.
Og-afaan kalaaqa hawaasa himamsaa afaaniin dhaloota dhalootatii darbuudha.wantoonni
afaaniin dadaarbanii hundi og-afaan jechuun nama rakkisa. Sababnii isaa og-afaan jedhamuf
ogummaa qabaachuu qaba.

2.7 Maalummaa jechoota safuu dubaartoota oromoo


Safuun seeran amaleeffatame kan aadaan jiru, kan hariiroo namoonii qabaachuu qaban
agarsiisuudha.safuun namootni si’a tokko itti gargaaraman haalumaa wal fakkaatuun itti
fufa.kunis hawaasichaan walii galuun jiraachuufiidhaa. Safuun hawaasni miira dhageetii miira
ittin ibsaatu, akkasumaas waan hawaasni godhaan ykn jedhan isa kamtu safuu akka ta’ee toora
eegaa akka jiru hariiroo qaban keessatti odeeffannoo qabaachuun kan ittin jiraataniidha.

2.8 Faayidaa jechoota safuu dubartoota oromoo.

Safuun dubii badaa irraa kan akka sobuu, hatuufi ulfinaa wal dhowaachuu kaneen kana fakkataan
irraa kan nama olchuu ta’uu argina. Safuun ulfinaa walii kennuuus of keessaa waan qabuuf
nagaan jiraachuufi amala gaarii qabaachuu faayidaa gaarii qabaachuu nu hubaachiisaa.

6
BOQONNAA SADII:MALLEEN QORANNICHAA

3.1 Saxaxa qorannicha.


Saxaxani qorannoo kayyoo qorannoon sun adeemsifamuuf sana galman ga’uuf wantoota
rawwatamuu qaban of jalattii hammaachuun to’ata. Saxaxni qorannoo galma ga’iinsa kayyoo
qorannoo kan qabaatu ta’uu isaati. Saxaxni qorannoo yoo xiqqaate waan sadii of keessaatti
hammaachuun dhugoomsuuf deema isaanis. Adeemsa odeeffannoon ittin funaanamuu
mijeessuufi adeemsaa iddateessuudha.

3.2 Madda ragaalee


Maddi raga qorattuun kun itti gargaaramtee madda raga tokkoffaatti.

Dhimmaa xinxala jechoota safuu dubartoota oromoo ilaalchiisee keessamayyuu manguddoota


hadhoolii ta’an jechoota safuu dubaartoota oromoo sirritti kan beekanifi hubannoo gahaa kan
qaban gaaffachuun odeeffannoo waliitti qabuun akka madda ragaa tokkoffaatii ishee gargaareera.

3.3 Jamaa qorannicha.


Jamaan qorannoo kana kan hawaasa oromoo keessaa jechootni safuu dubartoota oromoo
amantaan osoo walii hin qoodiini irraatti kan xiyyeeffatudha. Kanaaf qorannoon kun kan inni
bakka bu’ee safuu dubartoonni oromoo qaban biyyaan osoo hin qoodiin hundaafiidha.

3.4 Mala Iddattoofi Iddaatteessuu.

3.4.1 Iddattoo qorannicha


Iddattoon qorannoo kanaaf filaataman manguudoota haadhoolii ta’an umurii isaanii shantamii
shaniifi isaa ol kan ta’an dubartoota sagal manguuddoonni kunis kan filaatamaan aadaafi safuu
hawaasichi ittin jiraata turefi jiraacha jiru ni beekuu jedhameettii.
7
3.4.2 Mala Iddatteessuu.
Mala iddaatteessuu ni ta’uu jedhamee qorannoo kanaaf kan filatamee mala iddaateessuu miti
carraadha. Kunis odeeffannoo barbaachiisafi bu’a qabeessaa ta’ee nama mata dureen qorannoo
irraattii geggeefamuu irraattii beekumsa qaba jedhamee yadaamu irraa qorattuun kun
odeeffannoo funaanatettii.

Mala iddaatteessuu miti carra keessaa ammoo mala akkaaayoofi mala darbaa dabaarsaatii
qorattuun itti gargaaramteetii. Maloonii lamaan kuneen mata duree xinxala jechoota safuu
dubartoota oromoo jedhuu irraatti qarannoon geggeeffamuu maloota gaariidha jette filaateetii.
Kunis malii akkaayoo iddaattoo odeeffannoo qorannichaf ni kennuu jette qorattuun kayyoodhaaf
fayyaadamudha. Mala kayyoon iddaattoo safuu hawaasa beeka jette qorattuun kan filaatteera
nama odeeffannoo gaha qabu kan bira argaachuun waan danda’amuuf toofta darbaa dabarsaatii
qorattuun gargaaramteetii.

3.5 Mala Funaansa raga.


Qorannoo tokko geggeessuuf malii ragaan ittin waliiti qabaamuu muurteessadha. Meeshaaleen
odeeffannoo funaanuuf taajajilaa kan qorannoo akkamtaa faana deeman kan akka dawwannaa,
afgaaffii fi marii garee kannen filaatamaniidha. kanaafis qorattuun kun tooftalee odeeffannoo
ittin funaan kanneen keessaa afgaaffii fi marii gareettii qorattuun kun dhimma baateetti.

3.5.1 Afgaffii
Afgaaffii gosoota meeshaleen odeeffannoo itti funaanamuu keessaa tokko ta’ee kan qorattuufi
od-kennan fulaa fulaatii wal arganii odeeffannoo walii keennaniidha jedha.[dastaa 2013fi11]
yeroo ibsuu akkasumaas namoota barreesuuf dubbiisuu hin dandeenye odeeffannoo argaachuu
ni gargaara jechun ibsee jira.gosa afgaaffii keessaa afgaaffii mit caaseffamatti gargaaramuun
qorattuun kun odeeffannoo iddatooraa funaanatetii.bakkii gaafatamtoonni afgaaffii gaafatamanii
deebii kennan bakka mana jireenya isaanii deemuun qorattuun kun gaffiileee bu’uuraa
qorannichaa dhiyeessuufiin odeeffannoo barbaachiisa waliiti qabdee jirti. Kunis deebii
8
gaafatamtooonni kennan gurraan dhaggeeffachuun peennaatiin waraqarraatii barreessuun
qorattuun kun odeeffannoo funaanatee jirti.
3.5.2 Marii garee.
Mariin garee xiyyeeffannoo gochuun odeeffannoo funaanuuf wanta tokko irratti namoota garee
adda adda hawaasa keessatti walitti fidudhaan akka dhimmichaarratti marii’atan ykn yaada
kennan taasisuudha.mariin garee tooftaa odeeffannoon ittin funaanamuu keessaa isaa
tokkodha.qorannoo qorattuun kun geggeessituu qorannoo akkamtaa waan ta’eef odeeffannoo
bal’aa qamaan argamee iddattoo irraa funaantee jirti.

3.6 Mala qaacceessa ragaalee.


Qarannoon kun mata dure jechoota safuu dubartoota oromoo jedhu yoo ta’uu mala qorannoo
akkaamtatti gargaaramuun qoraattuun kun qorannicha geggeessiteetii. qorannoo kanaaf
meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanamee afgaaffii fi marii gareedha.odeeffannoon malleen
kanaan gadii fageenyan funaanamee kun ammo akka yaadaa odimtoota wal fakkaatuutii
gaaffiilee bu’uuraa waliiti fiduun odeeffannoon hiikameera. Yaadaa adda adda kan namoonni
kennanis qofaatii odeeffannoo afgaaffii argame dursuun kan marii gareen funaanamee itti
ansuun dhumaa irraattii ibsi itti kennamee boqonnaa itti anuu keessaattii hiikama

9
BOQONNAA AFUR :QACCEESSA RAGAALEE
Waraqaa qorannoo kanaa keessatti boqonnaa kun kan hammattuu ragaalee gaaffiilee bu’uuraa
boqonnaa tokko keessatti ka’aniif deebiiwwaan argaman kan itti qaacceeffamanii argamaniidha.
Jechoonii safuu dubartoota oromoo keessa jiran maal faa’ii .jechoonii safuu dubartoota oromoo
jiraachuu odimtoonii afgaaffiin deebii kennaniif gareedhan marii’atanii odeeffannoo kennaan
yeroo ibsan, hawaasanii oromoo waliin jireenya isaanii keessattii nagaafi jaalalan waliin
jiraachuuf dubaartootaf jechoota safuu qabu jechuun ibsaaniiru.

4.1. Jechoota safuu dubartoonni oromoo qaban .


Hawaasni oromoo aadaa wal kabaajuufi wal safeeffachuu qabaachuu isaaniirraan kan ka’ee
jechoota safuu dubartoota oromoof qabu. Hawaasichi hawaasa dubiin afaansaa safuu qabuudha.
Jechoonii safuu dubartoota oromoo ta’an halaa armaan gadiin hirmaattota odeeffannoo kennaniin
kennamaniiiru .dubartii haadha mana nama taatee tokkon niiti abaluu hin jedhan haadha mana
ykn haadha warra jedhu malee. Yoo niiti abaluu jedhamee dhaga’amee akka waan dubartii
salphiiseetii ilaalama. Dubartii dhala dhabdeen maseentuudha hin jedhamuu dhabduu jedhama
malee. jecha maseena jedhu kanneen akka sa’aafi beeladoota warra biroofis itti gargaaramna
garuu namaaf safuudha.kun kan nu hubaachiisuu hawaasni oromoo yeroo dubbatu jecha miira
namati hin tolee dubaachuurra jecha biraa bakka buufachuun gargaaramuusaati. Beqee jechi
jedhu jecha qaanii dubaachuunsaa suukaneessa waan ta’eef hiikni isaa qamaa hormaata
dubaartiiti .dubaartii abba mana irraa du’een galamoota hin jedhan .haadhaa hiyyeessaa ykn abba
mana hin qabdu jedhama. Sababnii isaa hiikni jecha galamoota jedhu , dhiiras ta’ee dubartii ykn
durbaa maatiif hin abboomamne kan akka fedha mataa isaa ykn ishee jiraatan namusaa badaafi
fakkeenyummaa badaa ykn gadhee warra qabaniidha.yaada odimtoota armaan olii irraa wanti
hubaatamu jechoota akkumaa fedhe ykn barbaanne dubaachuun duraa jechoota kamtuu
safuudha kamtuu ammoo safuu miti jechuun adda baasanii beekuun murteessadha.dubartii
mucaa godhaateen dhaltee hin jedhan. Deesse mucaa godhaate jedhu malee hawaasni oromoo
dubaarii mucaa godhaate dubbisuu yoo deeman bagaa dhalte deemna hin jedhan bagaa deesse
deemna jedhu malee.hofattuu jecha jedhu dubartootan jechuun safuudha. Hiikni isaa waan akka
dubartii
10 dhiri kamiyyuu yoo waliin salqunamtii rawwachuuf fedhee ishee gaafate hin didnedhaa.
Gochaan akkasii aadaa oromoo keessaatti safuu cabsuu ta’us, jechicha itti jechuunis
safuudha.durbaa gaafa herumtee durbummaa dhabdeen waan uumamaa dhabdee jedhu malee
durbummaa dhabdee hin jedhamuu.herummaan duraa durbummaa dhabun akka aadaa hawaasa
oromootii safuu guddaadha ta’uus hawaasni jechicha ittin hin jedhu.

4.1.1. Sirna fudhaaf heerummaa ilaalchisee.


Akka aadaan oromoo ibsutti dubarii oromoo tokko yeroo isheen herummuf gessuutti abban gurba
karaa guutuu, jechuunis manguddoota biyyaa gara warra intaalatti erguun kan
adeemsiifamuudha. Innis kan adeemsiifamuu warqee, albuu, amartii itti naquudhaan kan
adeemsiifamudha. Haa ta’uu malee sirna kana hunduumaa guutee yoo isheen durbummaa hin
qabduu ta’ee akka aadaa oromootii harree irraa ka’uun ijoolleetiin shamareen herumuuf dhuftee
kana gara warra isheetii deebisuu. Kunis safuu dubartii oromoo waan cabsiteef warri gurbaa
tuffii ykn salphinaa isheef qaban ibsuuf jecha.

Mucaayoon durba kun durbumaa ishee kan eegate yoo taatee gurbaa biraatiis ta’ee akkasumas
maatii gurba biraattii kabaja qabdii. Abban gurbaaf haatii gurbaa maqaa ishee hin waaman. Yoo
ilmi fuudhee sun angaafa ta;eef sooreetii jedhanii warri gurbaa maqaa itti baafatu. Yoo angaafa
hin tanee garuu hortuu, beektuu, dandeessuu, awwaattuu jechuun maqaa itti mogaasuu.

4.1.2. Gamaa dubaartii oromoo kanaan jechoonii isheen warra gurbaaf


qabduu
Intaalii oromoo herumtee safuu dubartoota oromoo kabajuun maqaa warra gurba lagaachuun
maqaa biro mogaaffachuun kan waamtuu ta’a. innis warra dhiira obbolaa gurbaa akkas jechuun
waamti.warra quxxisuu

- Abba firaa
- Abba bokaa
- Abba kaarruu
- Abba dabee
- Abba wacaa jechuun maqaa mararoon waamti.

Haa
11 ta’uu malee yoo angaafa obboleessa ta’e gooftaakoo Abba abaluu jechuun kan waamtuu
ta’a. Warra durba ammo yoo isan quxxisuu ta’aan

-haadhaa firaa
-haadhaa waadaa

-haadhaa gabaa jechuun kan waamtu yoo ta’uu haadhaa mana angaafa gurbaan immoo giftiikoo
jechuun waamti.eegaa kun hundumtuu xinxala jechoota safuu dubartoota oromoo kanibsuufi
saba biro irraa kan adda baasuudha.

4.1.3 Dubaartiin Oromoo Tokko Herumtee hamam iddoo kabaja


missirummaa ishee turti
Dubaartiin oromoo tokko herumtee amma wagga lamatti olla a hin deemtu gabaa hin deemtu kan
biroon immoo lagaa hin ceetuu. Jechuunis dubartiin oromoo tokko ergaa herumtee booda hanga
mucaa argaatutii safuu aadaa oromoo kan ibsuuf gootudha.akkasumas qarree ishee herumtee
hanga wagga tokkotti kan addattuudha.Dabalatanis koomeen ishee, lukkutti ishee,ilkaan ishee
bakkeetti hin mula’atu.uffata gababaa hin uffattu wandaboo gadii dheeraa uffachuun beekamti.

4.1.4. wantoota Dubaartiin Oromoo Tokko Aadaaa Beekuu Ishee Ittin


Ibsan.
Akka aadaa oromootti durbii oromoo tokko yeroo isheen heruma geessuuttii ,jaarsooliin mana
abbaa gurbaatti haasa’udhan kan wantoota adda adda rawwachuun kan adda baasaanii dha.

Innis citaa qalloo’fuudhuun osoo isheen hin argiin lafa buusu.yoo gadii jette lafa fuutee safuu
beektii jedhu.yoo irraa darbite garuu safuu hin beektuu jedhu.

4.2. Faayidaa jechoonni safuu dubartoota Oromoo qaban .

4.2.1. Safuu Eeguun Namootni Nagaan Akka Waliin Jiraatan Taasisa .


Hawaasni oromoo aadaafi safuu ittin jiraatu qaba.miseensaa hawaasa sana kan ta’ee immoo
hawaasafi maatii isaarraa aadaa fi safuu hawaasiicha baruun ittiin jiraatu.yoo kana ta’ee
hawaasa sana keessa nagaan jiraatu.biyyaa safuu hin jiree nagaan hin jiru.kunis kan ibsu safuu
hawaasa eeganii jiraachuu faayidaa qabaachuu isaatii. Biyyaa safuun hin jirree jiraachuun
12
rakkiisaadha.jechoota safuu dubaartoota oromoo hawaasa oromoo biratti safeeffataman
hawaasa keessaa jiran eegaanii jirachuun nagaaan jiraachuuf kan nama gargaaru keessa isaa
tokkofi faayidaa guddaa isaa qabu dha. kunis namoota gidduutti hawaasummaa gaariin akka
hin dhibamne safuu qixa sirrii kabajaafi jaalalaan akka jiraatan taasisa.safuu yoo jiraate wal
kabaajuutii,waljaallachufi waaliin jiraachuun hawaasa keessattii argama .yaanni kun kan inni
nu hubaachiisu hawaasnii safuunsaa egame nagaan jiraata jaalala waaliin jireenya isaa
cima,waldhabdeen dhibee tokkummaan cima dhufa naannoo jiraatan ngaan jiraatu yaada
jedhudha

4.2.2. Safuun Namootni Akka Eebba Qabatan Taasisaa


Namoonni safuun jiraatan waaqayyoofi maatii isaaniif aboomamoodha.walumaa gala namni
safuu hawaasa keessaa jiru eege jiraatu dhalaa dhalatiin eebbifama ta’a hojjette milkaa’a
waqaafi namaan ykn hawasa keessa jiraatun waan eebbifamuuf waan isaan hojjetan wal
qixaaxa ta’af.

4.2.3. Safuun Namoonni Hawaasumaa Garii Akka Qabatan Tasisa .


Namni safuu beekuu angaafi quxusu, firaafi olla kabaja.hawaasa keessa jiraatan keesstti ni
jaalatamuu.dur namoonni gosa isaanii waliin jaalalan jiraatu.dubbaanan afaan isaanii,deemsi
isaanii akkasumas ta’umsii isaanii safuu qaba. Kanaaf faayidaa safuun qabu keessaa tokko
namoonni akka hawaasni barbaaduttii safuu eegaanii ulfina argachuun hawaasa isaa waliin
akka ulfinaa qabeessaa ta,uu gargaa

13
BOQONNAA SHAN:CUUNFAA ARGANNOO FI YABOO

Waraqaa qorannoo Kana keessaatti boqonnaann kun kutaa xumaratttii .boqonnaan kunis kan inni
of keessaatti qabatuu qabxi ijoo boqonnaa arfaffaa ykn cuunafaa odeeffannoo manguddoota irraa
funanaman. Argaannoo goolaba qorannichatti fi yaboo ykn yaada furmaata qorannichatti

5.1 Cuunfaa
Qorannoon kun mata duree qaacceessa jechoota safuu dubartoota oromoo jedhu irraati kan
gaggeeffamedha. Qorannichas dangeessuufi qabatamaa gochuun barbaachisaa wan
ta’efqorattuun kun qorannicha haala qabatamaa irratti xiyyeeffachuun qorattee dhiyeessite
jirti.qorannoo kanaaf gaaffileee bu’uuraa irraatti hundaa’uun odeeffannon funaanamee
xiinxalamuun hiiki itti latamee jiraa. Jechoonni safuu dubartoota oromoos hawaasa keessaa jiran
haalaan ykn sirriti jiru safeeffatamuun jechoota safuu dubartoota oromoos hawaas waliin
jireenyaa isaani cimsaa. Yoo safuun cabee waliin jireenyaa hawaasa diiga .walumaa gala safuuti
jiraachu dhabuun miidhaaf namaa saaxilaa

5.2 Argannoo
Boqonna kana keessatti ragaaleen manguudoota irraa funanaman boqonnaa afuri jalatti
xinxaalamani hikin itti kenamee jiraa.gaaffileen bu’uuraa boqonnaa tokko jalatti ka’anifi deebii
kenameeen irran arganoowwan argaaman akka armaan gaditti dhihaatani jiru.Isaanis

 Jechoonni safuu dubartoota Oromoo keessa jiran maal akka ta’aan hubataamera.
 Jechoonni safuu dubartoota Oromoo maalif akkaa fayyadanii fi faayidaa malii
akka isaan hawaasaaf qaban ibsaamera.
 Dabaalatanis jechoonni safuu dubartoota Oromoo duudhaa fi safuu hawwasni
.waliin qabu ibsaamera.

14
5.3 yaboo
Xinxaala jechootaa safuu dubartoota Oromoo irratti hangaa ammati qorannoon geggeeffamee
keessatti yaboon akka arman gadiitti dhihaatera.

 Jechoonni safuu dubartootaa oromoo yoo safeeffataman namoonni eebbaa akkaa


qabataan gargaara waan ta’eef maatin ijoolee isaani osoo fakkeenyuummaa
gaarii qabachuu xinnummaatti qabani safuutiin guudisanii gariidha.

 jechoota safuu dubartoota oromoon safeeffatamuu qabaan kana barattota mana


barumsaatti argaman barsiisuufi qoraannoon garagaraa bal’inaan osootasiifamee
hojiin hubannoo kennuu hojjeetamee jijjiiramni dhufuu danda’a.

 Wajiirri Aadaa fi turiziimii dhimmaa kana hayyoota fi ogeeyyii dhimmicharraatti


hojjeetan marisiisuun hojiin barreeffaman ka’u osoo hojjeetame gariidha.

15
Wabiilee
Dafaa jamoo (1983) safuu biyyaa keessaa finfinnee mana maxxansaa senteraliii.

Diribi damusee (2009) ilaalcha oromoo finifinee D.G printing and publishing enterprise.

Young.H.P [2007] (department of economics discussion paer series moral norms john hoplins
university booking institution (norno) manor rood bulding oxford .

Scheater (2006) intraction sociology (6th end) Philip A butcher mc garaw hill .

Misgaanuu guulummaa (2012 biftuu guddino afaanii finfinnee oromiyaa.

Asafaa tafarraa (2009) elaa seenaa og-baruun oromoo finfine for east rading P.L.C.

Dastaa dasaleeny (2013) bu’uura qorannoo finfinne boolee.

16
Dabbalee A

Af Gaaffii

Kabaajamoo hirmatoota nagaa keessanni jalqaba wamiicha koo kabaajjanii yeroo waan lattaniif
guddaa isiin galateeffaadha. milka’ina qorannoo kanaaf hirmaanna cimaa akka naaf kennitaan
kabajaanan isin gafaadha.Afgaffii waa’ee jechoota safuu dubartoota oromoo irratti odeeffannoo
manguddootarra funaanuf gaffii dhihaate.

 Jechoonni safuu dubartootaa Oromoo keessa jiran maal fa’i?


 Faayidaa jechoonni safuu dubartoota Oromoo qaban malii?

Dabbalee B

Marii garee

Kabajamtoota manguuddoota keenyaa waamichakoo kabajani yeroo keessaan aarsaa gootaani


bakka kanatii argamuun keessaniif gaalanni guddadha. itti ansuudhaan gaaffiiuwaan armaan
gadii irraatti mari’achuudhaan hubannoof muxxannoo qabdan waliif hirudhaan akka naaf
ibsitan kabajan isin gaafffadha. Gaffiilee kunis -

 Jechoonni safuu dubartoota faayidaa maali qaba


 Yeroo amma jechoonni safuu dubartoota oromoo maal fakkataa

17
Dabbalee C

Manguddootaa odeeffannoo kennaan

Lakk maqaa saala Umrii aanaa Gandaa Gahee hojii

1 oginash buljum dha 60 mandi 01 Q /bula

2 Ayyantuu dha 60 mandii 01 Q//bulaa


dhugumaa

3 Maarta teessoo dha 65 mandii 04 Q//bulaa

4 Zamzam dha 55 mandii 03 H/mootumma


abaabiyuu

5 Xurunee irrana dha 65 mandii 02 H/mootumma


a

6 Zinaash dha 63 mandii 02 Q/bulaa


kabbadee

7 Masarat dha 59 mandii 01 H/mootumma


gammadaa

8 Dammituu dha 62 mandii 01 Q/bulaa


raggasaa

9 heleen dha 59 mandii 04 H/mootumma


18 a
19

You might also like