Professional Documents
Culture Documents
AANAA HORROO
HAGAYYA 2013/2021
Ogumaafi Quunnamtii
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Hagayya 2013/2021
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Waraqaa Qorannoo Insarmuu Waaqjiraatiin Mata duree Qaaccessa sirba arrabsoo gaa‟elaa
Oromoo Maccaa Aanaa Horroo jedhu irratti gaggeessummaakoo jalatti hojjachaa ture dubbisee
madaaleera.Kanaaf, uunkaa waraqaa qorannoo digirii duraan boodaa waan guuteef akka
dhiyeessu yaada kenneera.
IBSA QORATICHAA
Ani qorataan maqaafi mallattoon kiyya armaan gadditti eerame waraqaan qorannoo kun hojii
dhuunfaa koo kanta‟eefi kanaan dura yuunivarsiitii kamiyyuu keessatti qorannoo eebbaatiif
hindhiyaanne ta‟uusaafi wabiileen qorannoo kanaaf dubbisee irraa fayyadame hunda isaanii
wabii keessa kaa‟uu kiyya nanmirkaneesa.
GALATA
Duraan dursee waaqayyo isa waan hundaa keessa nadabarsee sadarkaa kanaan na gaheef galanni
koo daangaa hinqabu.Dabalataan abbaafii haadhakoo mana barumsaa nagalchanii akka ani
walaallummaa keessatti hin hafne nataasisaniif nagargaaranii nabarsiisan galanni koo guddaadha.
Ittii aansuun adeemsa qorannoo kana keessatti jalqabaa hanga xumuraatti nuffii tokko malee
yaada bilchaataa naaf kennuun cinaakoo dhaabatanii naqajeelchaa turan Dr.Jeeylaan Amaaniifi
barsiisaa Fiqaaduuu Baldaa (Ass.Per.)f galannikoo guddaadha. Kana malees galma ga‟iinsa
bu‟aa qorannoo kanaa keessatti yaada bilchaataa naaf kennaa maallaqaan nadeeggaruun nacinaa
dhaabbatan obboleessakoo Barsiisaa Lammeessaaa Waaqjiraafi haadha warraakoo Aadde
Lalistuu Unatuu galannikoo guddaadha.Keessattuu haati warraakoo ijoolleekoo sadan Milkessaa
Insarmuu, Marsimooy Insarmuufi Kennaa Insarmuu kunuunsaafi guddisa isaanii nuffii tokko
malee, yaadaafi deegarsa naaf taasisteef galata guddaa qabaaf. Ijoollee koofi namoota kallattii
garaagaraatiin jaalala naaf qooduun qorqalbiikoo kakaasani abdii nakeessatti horuun galma
ga‟insa hojii kanaaf nacinaa turaniif galannikoo guddaadha.Dabalees namoota ragaa odeeffannoo
naafkennan: jaarsolii, haadhota, shamarraniifi hojettoota waajjira aadaafi tuurizimii aanaa
Horroo keesayyuu hojetaa waajjira aadaafi tuurizimii Godina Horroo Guduruu Wallaggaa tahan
obbo Olaanii Waqoyyaa baay‟ee isaan galateefadha. Dhumarratti hiriyootakoo kallattii adda
addaatiin nadeeggaraa turan Barsiisaa Caalaa Damee(MA), Barsiisaa Fiqaaduu Warquu(MA)fi
Barsiisaa Gannanaa Damisee(MA) qorannoo kana jalqabaa hamma dhumaatti deeggarsa yaadaa
gochuun waan nagargaaraniif galata guddaa isaaniif qaba.
iii
AXEREERA
Qorannoon kun mata duree qaaccessa sirba arrabsoo gaa‟elaa”jedhu irratti kan gaggeeffame yoo ta‟u,
bakki itti gaggeeffame immoo Oromoo Maccaa Aanaa Horrootti.Sirbi arrabsoo gaa‟elaa safuu hawaasaa,
amala gadhee balalefatufi haala jiruufi jireenya barsiisu akkasumas,duudhaalee Aadaafi barsiifata
hawaasaa yemmuu ta‟u, yeroo ammaa kana dagatamuufi baduu isaatu mul‟ata. Kaayyoon ijoo
qorannichaa sirba arrabsoo gaa‟elaa qaaccessuu yemmuu ta‟u, sirba arrabsoo gaa‟elaa hawaasa Oromoo
Maccaa aanaa Horroo qaaccessuuf saxaxa qorannoo akkamtaatti dhimma bahamee jira. . Maddi ragaa
qorannoo kanaaf odeeffannoon irraa funaanamee madda ragaa tokkoffaa yemmuu ta‟u,isaanis, haadholii,
jaarsolii,shamarraniifi ogeessa waajjira aadaafi tuurizimii waa‟ee sirba arrabsoo gaa‟elaa kana gadi
fageenyaan hubannoo qaban yemmuu ta‟u,mala iddatteessuu mit carraa keessa iddatteessuu akkayyoofi
darbaadabarsaatti gargaaramuun filatamaniiru.Iddattoowwan mala iddatteessuu akkayyoofi darbaa
dabarsaatiin filataman kanarraa odeeffannoon afgaafiifi marii garee xiyyeffatetteen funaanuun,mala
qaaccessa ragaa akkamtaatiin qaacceffamee jira. Adeemsa qaaccessa ragaa keessatti yaadiddama
deebisanii ijaaruu dhimma bahuun namoota sirba arrabsoo gaa‟elaa irratti hubannoo qaban, xiyyeeffannoo
sirba arrabsoo gaa‟elaa, yoomessa sirba arrabsoo gaa‟elaafi ergaa inni qabu qaacceffamaniiru.Bu‟uuruma
kanaan sirbi arrabsoo gaa‟elaa kan sirbamu ijoollee shamarraniin yemmuu ta‟u, yoomessa mataasaa
keessatti bakkaafi yeroodhaan danga‟ee akka sirbamu argannoo qorannichaa niagarsiisa. Argannoowwan
gurguddoo qorannoo kanaa akka ibsanitti sirba arrabsoo gaa‟elaa afwalaloofi yeedaloon dhiyaate,
falaasama hawaasichaa nimul‟isa;obsa akka qabaatan taasisa, walitti dhufeenya hawaasaa nicimsa; safuu
hawaasichaafi haala jiruufi jireenya hawaasichaa akka hin dagatamne taasisa;gammachuumuu,
bashannansiisafi hojii namoota kakaasuun jijjiirama amalaa gaarii akka fidan taasisa. Akkasumas, sirbi
arrabsoo gaa‟ilaa hanqina ofii fooyyeffachuu; jireenya injifachuu, walqeequufi amala gadhee dhuunfaan
mul‟atu to‟achuuf qooda guddaa qaba. Walumaagalatti ergaa sirba arrabsoo gaa‟elaa faayidaa guddaa
waan qabuuf akka duriitti deebisuun falaasama hawaasichaa barreeffaman olkaa‟uun dhaloonni boodaa
akka irraa baratu gochuun barbaachisaadha.
iv
Baafata.
IBSA QORATICHAA ..................................................................................................................... i
Galata .............................................................................................................................................. ii
AXEREERA .................................................................................................................................. iii
1.SEENSAA.................................................................................................................................... 1
1.1. Seenduubee Qorannichaa ...................................................................................................... 1
1.2.Ka‟umsa Qorannichaa ........................................................................................................... 2
1.3.Gaaffilee Bu‟uuraa Qorannichaa .......................................................................................... 4
1.4.Kaayyoo Qorannichaa .......................................................................................................... 4
1.4.1.Kaayyoo Gooroo ........................................................................................................... 4
1.4.2.Kaayyoo Gooree ........................................................................................................... 4
1.5.Barbaachisummaa Qorannichaa............................................................................................ 4
1.6. Daangaa Qorannichaa .......................................................................................................... 5
1.7. Hanqina Qorannichaa.......................................................................................................... 5
2. SAKATTA‟A BARRUULEE FIROOMANII ............................................................................ 6
2.1.Yaadiddamoota Afoolaa ...................................................................................................... 7
2.2.Yaadiddama Deebisanii Ijaaruu ........................................................................................... 7
2.3.Faayidaalee Afoolaa.............................................................................................................. 8
2.4.Afwalaloo ................................................................................................................................
2.5.Amaloota Afwalaloo ............................................................................................................ 9
2.6.Faayidaa Afwalaloo ........................................................................................................... 10
2.7.Gosoota Afwalaloo ............................................................................................................ 11
2.8.Maalummaa Ogafaanii ....................................................................................................... 11
2.9.Amala Ogafaanii ................................................................................................................ 12
2.10.Faayidaa Ogafaanii .......................................................................................................... 13
2.11.Afwalaloo Sirbaa ............................................................................................................. 14
2.12.Weedduu .......................................................................................................................... 15
2.12.1.Fayyidaa Weedduu.................................................................................................... 16
2.12.2.Weedduu Arrabsoo Gaa‟elaa .................................................................................... 16
v
2.13.Sirba .............................................................................................................................. 16
2.13.1.Fayyadama Afaanii Sirba Arrabsoo Gaa‟elaa Keessatti ............................................ 17
3.XINMALLEEN QORANNICHAA.......................................................................................... 18
3.1. Ibsa Naannoo Qorannichaa ............................................................................................... 18
3.1.1.Argama Aanaa Horroo .................................................................................................... 18
3.1.2.Haala Mogaafama Aanaa Horroo ................................................................................ 18
3.1.3Qomoo Horroo .............................................................................................................. 18
3.1.4.Haala Qileensa Aanaa Horroo ...................................................................................... 19
3.1.5.Adeemsa cidha Horroo ................................................................................................ 19
3.2.Saxaxa Qorannichaa........................................................................................................... 21
3.3.Madda Ragaalee ................................................................................................................. 21
3.4.Iddattoofi Mala Iddatteessuu.............................................................................................. 22
3.5.Malleen Funaansa Ragaalee ............................................................................................... 22
3.5.1.Afgaaffii ....................................................................................................................... 23
3.5.2.Marii Garee .................................................................................................................. 23
3.6.Mala Qaaccessa Ragaalee .................................................................................................. 24
4. DHIYEESSA QAACCESSAAFI IBSA ARGANNOO QORANNICHAA ........................... 25
4.1.Xiyyeeffannoo Sirba Arrabsoo Gaa‟elaa ........................................................................... 26
4.1.1. Sirba Arrabsoo Gaa‟elaa Safuu Cabe Qeequuf ......................................................... 26
4.1.2. Amala Hin Barbaachifne Ittiin Qeequuf ................................................................... 26
4.1.3 Bashannansiisuufi Gammachiisuuf ............................................................................ 27
4.1.4.Ittiin Gorsuuf .............................................................................................................. 27
4.1.5.Cimsuufi Ittiin Waljajjabeessuuf ............................................................................... 27
4.2. Yoomessa Sirba Arrabsoo Gaa‟elaa Jalabultii Qe‟ee Warra Gurbaa ............................... 27
4.2.1.Sirba Arrabsoo Gaa‟elaa Jalabultii Qe‟ee Warra Gurbaa Intala Ittiin Arrabsan ........ 28
4.2.2.Arrabsoo Jalabultii Qe‟ee Warra Gurbaa Maatii Intalaa Ittiin Arrabsan ..................... 32
4.2.3.Sirba arrabsoo Gaa‟elaa ManaWarra Gurbaafi Sirba Gaggeessaa Hamaamotaa ........ 33
4.2.4.Sirba Arrabsoo Gaa‟elaa Jalabultii Qe‟ee warra Intalaa .............................................. 34
4.2.4.1.Arrabsoo Jalabultii Qe‟ee Warra Intalaa Maatii Gurbaa Ittiin Arrabsan .............. 35
4.2.4.2.Sirba Arrabsoo Gaa‟elaa Jalabultii Qe‟ee Intalaa Gurbaa Ittiin Arrabsan ............ 37
4.2.4.3.Sirba Arrabsoo Gaa‟elaa Balbalqabii Qe‟ee Warra Intalaa .................................. 40
vi
1.SEENSAA
Kutaa kana jalatti hammatamu qaban: seen-duubee qorannichaa, ka‟umsa qorannichaa, gaaffilee
bu‟uuraa qorannichaa, kaayyolee qorannichaa, barbaachisummaa qorannichaa, daangaa qorannic
haafi hanqina qorannicha walduraa duubaan dhiyaatanii jiru.
Dhalli namaa jiruuf jireenya isaa keessatti meeshaa guddaa goonfate keessaa tokko afoola.
Kunis, afaaniin dhalootarraa dhalootatti daddarbaa kan dhufeefi ammas kan daddarbaa jiru; gara
fulduraattis kan daddarbu qabeenya hawaasaati. Wasaneen (2007:162) yaada kana yoo ibsu,
“Osoo barreeffamni hinjalqabin dura dhalli namaa ergaasaa, yaadaafi fedhiisaa karaa afoolasaa
dabarsaa ture” jedha.
Oromoon ogafaanitti gagaaramuun, aadaa, safuu, barteefi wantota jiruufi jireenya isaa keessatti
isa quunnamu niibsata.Warquun (2010:10) akka ibsetti, biyyoota aadaa barreeffamaan hin
guddatiin turan keessatti gahee afoolli qabu guddaadha. Yaannichi yemmuu ibsamu, afoolli
hawaasa barreeffama hinqabne tokko rakkoo malee yaada isaa ibsatu ta‟uusaa ibsa.Oromoonis
hawaasa barreeffama mataasaa osoo hinqabaatiin ture waan ta‟eef, ogafaanitti gargaaramuun
aadaafi duudhaasaa eegachaa asiin gahee jira.
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa durbi heerumtu hiriyyoota ishee waliin taatee gurbaa ishee fuudhufi fira
isaa ittiin arrabsituudha.Obboloonnifi firoonni gurbaa fuudhuu waliin ta‟uudhaan intala itti
heerumtuufi firoota isheesillee ittiin arrabsaniidha Nagarii (1995).
guyyaa kana sirbamuus gammachuu ibsu akka ta‟etti eegama (Nagarii, 1995:1). Guyyaa cidhaa
torban lamatti yoo galu, intalli kennamtu sun hiriyyoota durbaa waliin taatee sirba arrabsoo
gaa‟elaa eegalti.Sirbi arrabsoo gaa‟elaa hanga guyyaa cidhaatti galgala galgala ituma fufa.
Haaluma walfakkaatuun gurbaa fuudhuutiinis karaa obboleeyyotaafi hiriyyoota isaan sirbi
arrabsoo durba nigaggeeffama.Sirbi arrabsoo gaa‟elaa kunis sirba cidhaa yoo ittiin jedhamu,
innis arrabsoo, jajuufi qeequu ofjalatti hammata.
Hawaasni Oromoo dhimmoota bu‟aa ba‟ii jiruufi jireenyasaa keessatti isaan muudataniifi
beekumsa muudannoo kanarraa kuufatan afwalaloodhaan waliif qooda.Af-walaloo hawaasa
Oromoo biratti gatii guddaa waan qabuuf dhimmoota jireenya hawaasichaa haalan ibsu immoo
haala qabatamaa jireenya hawaasaa waan bakka bu‟uufi eenyummaa hawaasichaa ibsuuf
qorannoon irratti adeemsifamuun falaasama uummatchaa beekuun barbaachisaadha. Kun ammoo
dhaloonni boodaa kan barreeffamee taa‟e falaasama uummatchaa dubbisee baruu danda‟a.
Sabni Oromoo aadaa eenyummaasaa ibsu hedduu qaba.Kanneen keessaa aadaan fuudhaafi
heerumaa isa tokko yemmuu ta‟u; innis akkaataa garaagaraatiin gaggeeffama.Hawaasicha
keessatti namni hundumtuu haala walfakkaatuun gaa‟ela hinraawwatu.Kaan naqataan,kaanis
hawweedhaan,kaan butiidhaan,kaanimmoo sabbatmariidhaan warrooma.Haata‟u malee,aadaan
Oromoo inni kabajamaafi jaalatamaan isa naqataan gaggeeffamuudha (Nagarii, 1995).Sirbi
arrabsoo gaa‟ela keessatti gaggeeffamu intala ishee heerumtuufi hiriyyoota isheen sirbama.Sirbi
arrabsoo gaa‟elaa ogafaanii keessaa sirba firooma jechuudha.Kun immoo qorataa amalaafi
maalummaa sirna arrabsoo gaa‟elaa caalmaatti akka hubatamuuf gara sirba arrabsoo gaa‟elaa
qaaccessuutti geessa.
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa qe‟ee warra gurbaa fi qe‟ee warra intalaatti guyyaan cidhaa torbaan lama
yommuu hafu sirbi jala bultii nijalqabama.Sirbi arrabsoo gaa‟elaa jala bultiin eegalee intalli
heerumtee hanga guyyaa isheen miinjee deebitutti duudhaalee gaa‟ilichaafi raawwannaalee adda
addaa keessa darbuun sirbi arrabsoo gaa‟elaa sirbama.
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa cidharratti shamarran gareen ta‟uun sirbamuudha.Sirbi cidhaa kunis,
shamarran murta‟an dibbee qabatanii gidduu durboota asiifi achi naanna‟anii af-walaloo
qindaa‟een yeedaloo mataasaa qabuufi akkaataa miira namaa hawwatuun keessa deemanii
sagalee kiloolee bareedan sirbu.
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa afwalaloodhan dhalootaa dhalootatti darbaa waan dhufeef barreeffamaan
waan hintaaneef, baraa baratti jijjiiramaa deema.Kan immoo yeroo turtii keessa dagatamuun
baduu danda‟a.Karaa biraa immoo afwalaloon jiruuf jireenya hawaasaa keessatti aadaa
kabajamaafi dhaloota dhufaa darbu barsiisaa ture, sababa dhiibbaa amantiin, siyaasaafi
tekinoloojiin babal‟achuun dagatamaa dhufuusaati.Sirbi arrabsoo baduun aadaa eenyummaa
hawaasichaa, haala jiruufi jireenya hawaasichaa akka dagatamu taasisa.Haala kanaan qorataan
4
aadaa hwaasaa jijjiirama qabu, aadaa dur ture kana afwalaloon isaa akka hindagatamne taasisuuf
sirbi arrabsoo gaa‟ela Oromoo Maccaa Aanaa Horroo haala duudhaa gaa‟ilichaafi raawwaannale
isaa qaaccesseemee, bifa barreeffamaan olkaa‟uun badiifi dagatamurraa irraa baraaruu danda‟a.
Sirba arrabsoo gaa‟elaa Oromoo Maccaa Aanaa Horroo keessatti sirbamu kan irratti
xiyyeefatu tarreessuu,
Sirba arrabsoo gaa‟ela olitti eerame kana yoomessa itti sirbamu ibsuu,
Sirba arrabsoo sirna gaa‟elaa faayidaalee inni qabu ibsuu,
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa yoo dagatame yookaan yoo bade miidhaa geessisu ibsuu,
Sirba arrabsoo sirna gaa‟elaa yeroo ammaa kana sadarkaa inni irra jiru ibsuu.
Faayidaan bu‟uura qorannoo kanaa hanqina gama kanaan mul‟atu guutuu yemmuu ta‟u sirbi
arrabsoo gaa‟ilaa Oromoo Aanaa Maccaa Horroo walitti qabuun barreeffaman kaa‟uun akka hin
dagatamne taasisa.Gabaasni qorannoo kanaa Waajira Aadaafi Tuurizimii Aanaa Horroo ,dubbisa
yuunivarsiitii Haramaayaafi toora marsariitii adda addaa irratti waan gadhifamuuf,namootni
5
carraa gabaasa qorannoo kana dubbisuu argatan,kanneen sirba arrabsoo gaa‟elaa hin beekne
gabaasa qorannichaa dubbisuun,sirba arrabsoo gaa‟ela Horroo irratti hubannoo gahaa akka
argatan taasisa.Akkasumas,weellistoonni sirba aadaa irratti hojetan af-walaloo sirba arrabsoo
gaa‟elaa kana ammayyeessuun yookaan akkuma jirutti hojechuu akka danda‟an kallattii
agarsiisa.Walumaa galatti qorannoon kun haala jireenya hawaasummaa, safuu hawaasaa
dagatamaa jiru deebisuufi falaasama Oromoo maccaa sirba arrabsoo gaa‟elaa keessatti mul‟tu
qaaccessuun hubachiisa.
Hawaasni Oromoo Aanaa Horroo keessa jiraatan ogafaan garaagaraa haala jireenya isaanii ittiin
ibsatan hedduu qabanis, xiyyeeffannoo qorannoo kanaa af-walaloo sirba arrabsoo gaa‟ela
durbaati. Og-afaan hawaasni kan ittiin tajaajilamu hundarratti qorannoon osoo gaggeefamee
bu‟aa olaanaa fiduu danda‟a. Qabiyyeewwan ogafaanii hunda qorachuun yeroo bal‟aafi mallaqa
hedduu waan gaafatuuf, qabiyyee qorannoo kanaa afwalaloo sirba arrabsoo gaa‟elaa qe‟ee warra
intalaafi qe‟ee warra gurbaa qofa gaggeeffamu ta‟a.Kunis,guyyaa sirbi gaa‟elaa jala bultirraa
hanga miinzee deebii qe‟ee warra intalaa qofa raawwatamurratti daangafama.Akkasumas,
qorannoon Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo irratti afwalaloo sirba arrabsoo
gaa‟elaa haala raawwanalee isaa keessatti qaaccessuurratti daanga‟eera.Gabaabumatti
qabiyyeensaa dameewwan ogafaanii hedduu keessaa haala raawwannaa sirba arrabsoo gaa‟elaa
qe‟ee gurbaa irraa jalqabee hanga qe‟ee intalaatti sirbamu walduraa duuba qabiyyee isaan
qaaccefamee jira.Bakki qorannoo kanaammoo hawaasa Oromoo Aanaa Horroo jiraatanirratti
daangefameera.
Qorannoo kana keessatti hanqinni mul‟tu, sirbi arrabsoo gaa‟elaa sirbamu waan hin argamneef
dawwannaa gaggeessuu dhabuun hanqinaadha.
Akkasumas, guufuulee qorannoo kana hojechuuf rakkisaa ta‟an, sababa komandi poostiin
naannoo qorannoo gaggeeffamutti waan labsamee jiruuf, namoota odeeffannoo gahaa kennan
dhabuufi namootumti argamaniyyuu odeeffannoo gahaa kennuuf ofqusataniiru.Kanaaf qorataan
waa‟ee mata duree qorannoo kanaa dhiibbaa akka hin geessisne ibsuun amansiisuufi
gaafannichis siyaasaafi amantii irraa akka walaba ta‟e hubachiisuun akka bilisaan odeeffannoon
kennamu ta‟ee jira.
6
Kana malees,mata duree kana ilaalchisee yeroo ragaa sassabu geejibaafi namoota barbaadu
yerootti argachuu dhabuufi dhukkuba koronaa 19 waliin walqabatee odeeffannoo hawaasa
keessaa yeroon funaannachuu dhabuudha.Sirba arrabsoo gaa‟elaa kanaaf yeroo qorannichi
adeemsifamuutti namoota marii garee irratti hirmaatan dhabuufi waa‟ee sirba gaa‟eelaa gadi
fageenyaa beekan hawaasa keessaa akka barbaadamutti dhabamuudha.
Qorannoon Kutaa kana jalatti barreeffamoonni garaagaraa dhimma qorannoo kanaan walitti
dhiheenya qaban sakkatta‟amaniidha.Bu‟uuruma kanaan yaadiddamoota qorannoon irratti
hundaa‟e adeemsifamuufi ogafaanii sakkatta‟ame dhiyaatee jira.
Adeemsa qorannoo tokko keessatti yaadiddamoonni kallattii nama qabsiisan hedduu yommuu
ta‟an, yaadiddamoota keessaa kanneen qorannoo kana keessatti dhimma itti bahamu
yaadiddama deebisanii ijaaruudha..
Afoolli akkuma hiika garaagaraafi amaloota adda addaa qabu gareewwan hawaasaa adda addaafi
faayidaa garaagaraa qaba.Maddi afoolaa hawaasa waan ta‟eef itti gargaaramuus hawaasicha
afoolichi keessaa madde ta‟a jechuudha.
Georgesfi Jones (1995:314) Kallatti bu‟aa afoolli tokko hawaasaaf qabuun yoo ibsu, “Afoolli
hawaasa tokko keessatti kallatti hedduutiin akka waa gummachu mirkaneessa.Afoola gargaarame
hawaasni wal barsiisa, duudhaa hawaasaa toora qabsiisa,fooyyessa,waa‟ee eenyummaa,seenaa
addunyaa isaa beeksifata,ittiin bashannanan,wal bashannansiisa, Hawaasni bifa „ammayoomeen‟
har‟a seeraan,amantiifi siyaasaan walbulchuu dhagaa bu‟uuraa tahe beekumsa afoolaa irraa
dhaabbateetti”jedhu.
Bukenya (1994:85) yammuu ibsu, Afoolli sammuun bilchaataa akka ta‟uufi dandeettii ittiin
miseensota hawaasaa keessatti hirmaatu akka gonfatu yookaan akka qabaatu taasisa.Kana
malees, miseensi tokko hawaasa tokko naannoo isaa akka beekuufi hariiroo gaarii hawaasa
waliin akka qabaatuuf dandeettii yaaduufi waa hubachuu isaa gabbisuu keessatti shoora olaanaa
qaba.
Faayidaa afoolaa inni biroo cimsuufi jajjabeesuuf ni gargaara. Geetachoo (2005) aadaa seenaafi
amantii, qabeenya hawaasaa cimsuufi jajjabeesuun dhalootaa dhalootatti dabarsuu danda‟a.
Afoolli miliquuf nifayyada.Haalli rakkisaan humna namaa oli ta‟e yeroo namaarratti mudatu,
afoolli meeshaa ittiin miliqaniidha.Namni bu‟aa ba‟ii jireenya isa mudatu jalaa ogafaaniin
miliqa.Jireenya nuffisiisaa kolfaan irranfachuun dabarsuu danda‟a.Namni daangaa hawaasni
isaaf kaa‟e darbuu hindanda‟u.Yoo darbee argame hawaasni isa qooda.Garuu, ogafaan dhorkaa
9
hawaasni irratti waliigalee ka‟ate bakka itti cabsuun danda‟amuudha.Kanaaf, eenyuyyuu waan
garaasaa keessa jiru;hawwii,aarii,gammachuu kana fakkaatu soda malee bakka itti ibsatu ogafaan
akka ta‟e beekamaadha.
Afwalaloon damee ogafaanii keessaa isa tokko ta‟ee salphaatti sammuutti yaadatamee afaaniin
dhalootarraa dhalootatti darbudha.Afwalaloon akkumma walaloo barreeffamaa jechoota
mimmiidhagoo sammuutti qabatamuuf yaadatamu kalaqa adda ta‟een qindaa‟u ta‟uusaa (Eshete,
2008) ibseera.Afwalaloon meeshaa guddaa miira keessa namaa jiru ittiin ibsatan ta‟ee
dhimmoonni akka jaalalaafi jibba,mul‟ataafi abdii, uumaafi uumama,bareedinaafi fokkina,
roorroofi dhiphuu, jiruufi jireenya uummataa keessatti mul‟atan ittiin ibsaman akka ta‟e
(Finngan, 1970) ibsiteetti.Akka yaada kanaatti, afwalaloon jechoota filatamoo walmadaalan
kanneen ijattis ta‟e gurratti miidhagina qabaniin qindaa‟uufi dhimmoota jireenya uummataa
kalaqeekallattii adda addaatiin ibsuudha.Yaaduma kana jajjabeessu(Asafaa, 2009) afwalaloon
afaan saayinsiifi afaan hawaasni guyyuu itti fayyadamurraa adda ta‟e dubbii haalawaan guutame
miira namaa salphumatti kakaasuufi ergaa bal‟aa dabarsuun qindaa‟u ta‟uusaa kaasa.
Akkuma maqaasaarraa hubachuun danda‟amu amaloota afwalaloo keessaa inni bu‟uuraa afaaniin
qindaa‟uun dhiyaachuufi afaanumaan dhalootarraa gara dhalootatti daddarbuusaati.Afwalaloon
bal‟inaan mul‟atu hawaasa barreessuufi dubbisuu hin dandeenye biratti ta‟uusaafi afwalaloon
daddarbuusaa (Awoonor, 1975) ibseera.Yaada kanarraa wanti hubatamu afwalaloon bifa
barreeffamaatiin osoo hin taane namoonni sammuusaanii keessa afaaniin dhimmoota
barbaadanirratti jedhan ta‟uusaati.
miseensi hawaasa yeroo barbaadetti eeyyama namakamii malee fayyadamuu akka danda‟u
(Oring, 1996) bareesseera.Yaaduma kana deegaruun (Awoonor, 1975) namni jalqaba afwalaloo
kalaqe akka hin beekamne ibseera.
Walumaagalatti, afwalaloon amaloota adda addaa kan ittiin gooroowwan birroorraa adda ta‟uu
kan qabu yommuu ta‟u, amaloonni kuniinnis afaaniin dhiyaachuu yookaan daddarbuu
abbummaa dhuunfaa dhabuu, jijjiiramummaafi dandeettii dhiheessaatiin fooyya‟aa deemuudha.
Afwalaloon amaloota armaan olii qaban kun hawaasaaf tajaajiloota hedduu kennaan waan
ta‟aniif faayidaa afwalaloowwanii akka itti aanutti haa ilaalu.
Faayidaa afwalaloo ilaalchisuun (Finnegan, 1992) Akka ibsetti, afwalaloon walkeessa jira;
walmakaadha.Afwalaloo irratti hundaa‟u amala qabiyyeefi dhaamsa inni dabarsuu barbaade
irratti yoomessa walalichi ittiin dhiyaate irratti haaluma walaloo sanirratti hundaa‟uun tajaajiluu
danda‟a. Faayidaan afwalaloo bashanansiisuuf,miira ibsuuf,hawaasummaa cimsuuf,miidhagina
agarsiisuufi kanafakkaatuuf oolu ta‟uusaa(Finnegan, 1992) ni ibsiti. Yaaduma kana deegaruun
(Eshete, 2008) faayidaa afwalaloo yemmuu ibsu,afwalaloon calaqqisiiftuu miira dhuunfaa
yookaan garee hawaasaa ta‟uudha.Akkasumas, (Tamene, 2004:11) akka ibsetti, afwalaloon
hawaasa Oromoo biratti beekamoo ta‟uufi dhimmootni miira dhuunfaa,ilaalchaafi hamilene
haala murtaawaa keessatti mul‟atu ittiin himamu ta‟uudha.Kanaafuu, afwalaloon meeshaa
hawaasni miira keessa jiru,fedhiisaa ciminaafi laafina hammeenyaafi gaarummaa, jaalalaafi jibba
ittiin ibsatuudha.Faayidaan afwalaloo hawaasa afwalaloo sanaan fayyadamuuf kennu kunis haala
11
Ogafaan dubbii afaaniitiin yeedaloon kennameefii, yookaan otoo hinkennamiin kalaqaafi oguma
dhimma hawaasummaa adda addaa irratti xiyyeeffatuudha. Haala kanaan aadaa,duudhaa,safuu,
seenaa,eenyummaa hawaasaa,walumaagalatti,ogummaa(wisdam)fi jireenya hawaasa tokkoo
ibsuuf humna guddaa kan qabudha.
Akkuma ogafaan hawaasa kamiyyuu ogafaan Oromootis hawaasa keessatti gahee guddaa
qaba.Faayidaa ogafaanii ilaalchisee, Birhanuu (2009) Yemmuu barreessuu,”muuxannoofi kalaqa
hawaasaa hunda barreeffamatti jijjiiruun kan hin danda‟amne ta‟uu isaatiin ogafaan hawaasi
chaatiin dhalootaa gara dhalootatti daddarba jechuudha” jedha.
Kunis, jireenya hawaasaa keessatti sochii godhamuun bu‟aa ba‟ii jireenya, mudannaawwan
garaagaraa, rakkoowwan isaan mudatan bira darbuudhaaf qabsoo godhamu keessa uumamaa
deema.Yaada kana cimsu (Bukenya, 1994) ogumni haala jireenya hawaasa tokko murteessuufi
kuufama beekumsaa fuula duratti hawaasa tarkaanfachijsuu danda‟uudha jechuun ibsa. Akkuma
yaada hayyuu kanarraa hubachuun danda‟amu, ogafaan uummanni tokko muuxannoo jiruufi
jireenya, duudhaa, rakkoo jiruufi jireenya keessatti guyyaa guyyaan isaan mudatu kan ittiin
baasanii ibsatan; calaqqee jireenya uummata tokko kan ta‟uusaati.
12
Hiika olii kana irraa wanti hubatamu ogafaan haala jireenya hawaasa tokkoo murteessuufi
beekumsi hawaasaa akka cimaa deemu taasisuudha.Hawaasni ogafaan isaatiin ibsatu ta‟uu
isaati.Ogafaan duudhaawwan afaaniin dhalootaa dhalootatti daddarban keessaa tokko ta‟ee
baroota dheeraaf sammuu namootaa keessaa burqee himamuuf yoomessa murtaa‟e keessatti
qindaa‟ee raawwatuudha.
Kana malees, ogafaan haala jiruufi jireenya hawaasaa dhalootaa dhalootatti himiimsa afaaniin
daddarbaa kan dhufe. Ogafaan muuxannoofi mudannoo akkasumas qabeenya hawaasaa kan ta‟an
kanneen akka oduu durii sheekkoo,eebba,abaarsa,mammaaksa,hibboo,sirba,weedduu,qoosaafi
kan kana fakkaatan ofkeessatti hammata.Walumaagalatti ogafaan jechuun hawaasni tokko jiruuf
jireenya isaa yeroo dheeraadhaa kaasee afaaniin kan ittiin waliif dabarsaa ture,ammas itti jiru
gara fuula duraas ittiin waliif dabarsuudha.
Amala ogafaan ittiin beekamu keessaaa tokko hurrubummaadha.Akka (Finnegan, 1992), ibsitetti
namawaan sana‟raawwaturratti yookaan jedhuurratti gochi, haalli fuulaa, mallattooleen
garaagaraa qaamarratti mul‟atan, olka‟insiifi gadi bu‟insi.gabaabinniifi dheerinni sagalee bahuu,
jecha, jecha waraqarratti barreeffame tokko ol ergaaf gummacha guddaa qabu. Kun immoo
hurruubummaa jedhamuun beekama.Akka (Finnegan, 1970), ibsitetti ogafaan hubatamuu
danda‟u qabataman waan raawwataa jiruufi namajechoota sana qindeessee haala murtaawaa
tokko keessatti dhiyeessurraa ta‟uu isaati. Hurruubummaan ogafaan lubbuu akka horatuufi
miidhagina akka qabaatu taasisa. Maalummaa hurruubummaa (Simsfi Stephens, 2005) yemmuu
ibsan hurruubummaam yeroo hedduu amantaaleefi ilaalchonni kan ijaan hin mul‟anneefi
hinqabatamne akka mul‟ataniifi qabatamaa ta‟an kan taasisu ta‟uu isaati. Halli ogafaan tokko
ittiin dhiyaatu ogafaan biroo ittiin dhiyaatu irraa garaagarummaa qaba.
Amalli ogafaanii inni biroo nijijjiirama.Akka (zarihuun, 2007) jedhetti, ogafaan uummata isa
uumuufi itti fayyadamurraa waan adda hinbaaneef fedhii hawaasa gidduu galeessa godhachuun
jijjiirama.Akkauma gaafa jalqabaa kalaqame sanaan osoo hin geeddaramiin turu osoo hinta‟in
waan haaraa karaa tekinoloojii dinagdee, siyaasa hawaasummaa uumamaafi dabalamaa deemu
haammachaa, waan hawaasa keessatti gadhiifamu immoo hir‟isaa deema.Jireenyi
adeemsa;adeemsi ammo jijjiiramaa deema.Jijjiiramoonni kunneen hundi hawaasa ogafaaniin
13
jiraataa tureefi jiruu keessatti mul‟atu jechuudha.Jijjiiramni ogafaanii jijjiirama fedhii hawaasaa
yeroo yerootti taasifamu wajjin walsimachuuf uumama.Jijjiiramichis qabiyyee, jechaa, gaalee,
himaa, tartiibaafi qooddattootaatiin mul‟achuu danda‟a.
Amalli ogafaanii inni biraa, haala qabatamaa keessatti dhiyaatu ta‟uu isaati.Ogafaan haala yeroo
hawaasichi keessa jiruun walqabatee dhiyaatu, ogafaan ogafaanuma waan ta‟eef bakka arginetti
dhimma itti bahuu hin dandeenye ta‟uu (summer, 1997) ibsitetti, bakka jiraannu sanaafi haala
keessa jirru sanaaf akka ooluu danda‟utti itti gargaaramna.Fakkeenyaaf, ogafaan Oromoo keessa
boo‟ichis, sirbis, abaarsis, eebbis nijira.Haata‟u malee, ogafaanuma waan ta‟eef bakka feenetti
itti fayyadamuu hindandeenyu.Afwalaloowwan boo‟icha bakka gaddaa yookaan bakka sirna
awwalchaa lubbuun bahtti fayyadamna.
Ogafaan jiruufi jireenya hawaasaa keessatti faayidaa baay‟ee qaba. Ogafaan ittiin gorsuuf,ittiin
barsiisuuf,hojii uummata biratti fudhatama hinqabne kan akka hannaafi sobaa ittiin
balaalefachuuf sammuu daa‟imaa qaruuf ni fayyada.(Dundes,1965) faayidaa ogafaanii akka
ibsetti ,namoonni qubee gargaaramanii barreeffamatti dhimma bahuu hindandeenye ogafaanitti
fayyadamuun yaada keessoo isaanii jiru akkasumas,waan isaanitti dhaga‟amu karaa ittiin
miidhagsanii ibsachuu danda‟aniidha.
(Fekade,1991)n akka ibsetti,ogafaan hawaasni ijoollee isaa naamusaan akka jiraatan kan ittiin
to‟atu,namoota naamusa gaarii hinqabne ittiin qeequ,ittiin abaaru,kanneen naamusa gaarii
qaban,warra safuu uummatichaatiin bulan ittiin dinqisiifatu,ittiin eebbisuufi amaloota gaarii
hintaane kan akka hannaa,sobaa,hammeenyaa,sodaafi kan kana fakkaataniif immoo jibbiinsa
qaban ittiin ibsuun akka hinbabaldhanneef karaa ittiin to‟ataniidha jedha.Yaada hayyuu kanarraa
wanti hubatamu,ogafaan meeshaa ittiin safuu hawaasaa barsiisu ta‟uusaati.
Faayidaan ogafaanii jiruufi jireenya Oromoo keessatti qabu ilaalchisee (Eshete,2008) akka
ibsitetti,sochii jiruufi jireenya Oromoo keessatti taasifamu haala gadifageenya qabuufi haala
ammayyoomeen ibsuu,aadaa Oromoo sadarkaa falasama addunyaa waliin guddatee akka
adeemuufi eenyummaa Oromoo ibsuu keessatti gaheen ogafaanii isa olaanaa ta‟uu isaati.
Faayidaa ogafaan hawaasaaf kennu keessaa warren ijoo ta‟an haala jireenya dhuunfaafi gamtaa
14
Hawaasni tokko hariiroo waliin qabu, hariiroo naannoo isaa waliin qabu, waan keessa isaatti itti
dhagahaamu ogafaan gargaaramuun haala garaagaraan ibsa.Ofibsuu waliin walqabatee faayidaa
ogafaanii (Eshete, 2008) akka ibsitetti, ogafaan karaa falaasamni, seenaan, eenyummaan, aadaan,
barsiifanni hawaasaa tokko itti ibsaman keessaa isa bu‟uuraati.Dabalatanis dhaloonni gaaffii
adda addaa sammuu isaanii keessatti haala uumamarratti gaafataniif ogafaan tooftaa filatamaa
deebiin ittiin kennamu ta‟uusaa (Fekade, 1991) ibseera.Kunis daa‟imaan yemmuu naannoosaanii
baruuf yaalii taasisan adda addaa ilaaluun maddasaanii yookaan eessaa dhuftee isaanii
gaafachuun waan baramadha.Hawaasnimmoo dhimmoota akkasii ogafaan garaagaraatiin deebii
isaaf ta‟a.Gabaabumatti, ogafaan meeshaa hawaasni tokko ofis ta‟e naannoosaa ittiin
ibsudha.Akkaataa uumama wantota adda addaatti ibsa kenna.
Adeemsa jiruufi jireenya keessatti dhalootaa hanga du‟aatti wantoonni raawwatan maaliif akka
raawwatan, akkamitti akka eegalan kaa‟uun gochaawwan kunneen akka hinbannefi dhalootarraa
dhalootatti akka darbu taasisa.Wantoonni yaada hawaasichaa ibsan kunis, akkaataa hawaasicha
ibsanirratti ofeegannoon funaanamanii ol kaa‟amuu akka qaban (Eshete, 2008) barreesseera.
Ogafaan rakkoo tokko jalaa bahuuf,rakkoo sanaaf fala itti barbaaduuf yookaan sammuu namaa
keessatti kallattii adda addaan xiiqii uumuu danda‟a.Milkiiwwaniifi abjuuwwan addaa addaa
wantoota gara fuula duraatti nama mudatan eeruu keessatti gahee waan qabaniif rakkoolee
yookaan badii kanneenniif fala ittiin barbaaduuf ogafaan gahee ol aanaa akka qabu(Fekade,1991)
ibseera.Haalli rakkisaan humna namaan oli ta‟e yeroo nama mudatu ogafaan meeshaa ittiin
miliqaniidha.Namni bu‟aa ba‟ii jireenya isa mudatu jalaa ogafaaniin miliqa. Jireenya nuffisiisaa
kolfaan irraanfachuuf, addunyaa haarawaa keessa seenee gammachuun jiraachuuf faayidaan
ogafaan qabu olaanaadha.
Afwalaloo Sirbaa; afwalaloo sirba aadaa afwalaloo haala sirbaatiin dhihaatu adda addaa ofjalatti
hammata.Walaloon sirbaa aadaa haala raawwiifi iddoo itti raawwatu aadaa addaa qaba.Kunis,
15
sirbi dhimma sirbamuuf bakka itti sirbamu akkasumas qabiyyee isaan ittiin garaa garummaa
qabu.Kanaafuu, afwalaloo sirba gosoota afwalaloo keessaa tokko ta‟ee haweaasni
muudannoowwan jireenyaafi muuxannoo kuufate ittiin waliif dabarsudha.Afwalaloon sirba
sochii qaamatiin deegaramee qindaa‟uufi dhiyaatu ta‟uusaa (Fekade, 1991) ibseera.Dhmmoota
jaalalaa, jibbaa,cidhaa,hojiifi kanafakkaatan qophaa‟u akkuma ogummaa kamiituu miidhagina
guddaa qabuufi haala hawaasaa sirbu ibsuudha.
2.12. Weedduu
Weedduun walaloo aariin guutamee jiruudha.Namni tokko hawaasa keessatti jaallatee dhabuu
danda‟a, waan barbaadee argachuuf gufuun durasaa dhaabata.Yeroo kana aariidhaan guutamee
weeddisa.(Fedhasaa 2013:51) kana jechuun rakkoo xiinsammuusaa walaloon ibsata.Xiiqii keessa
galees ejjennoo fudhachuuf dhaadata.Qabiyyee ofkeessaa qabuun weedduun gosa adda addaatti
hirama. Kanneen keessaa: weedduu chidhaa, weedduu jaalalaa, weedduu gootaa, weedduu hojiifi
kana fakkaatu kaasuun nidanda‟ama.
Weedduun aadaa kanneen barsiifata yookaan dhaga‟amanii afaaniin dhalootaa dhalootatti darbaa
dhufan.Kuniin sirboota gurraan dhaga‟amuufi yaadatamuun raawwaatamaniidha.Jechi sirboota
hawaasaa duraan aartii yookaan kuufama sirba aadaa muziqaan kuufameen daddarbaa dhufe
qabu.Sirboonni ateetee, ajjeessaa, gadaa, foollee, geelloo, shaggooyyee, mirrisaa, gaa‟ela,
jaalalaa kana fakkaatan as jalatti argamu.Nagarii (1995:4) Akka ibsutti “weedduun walaloo
dhimma garaagararratti qindaa‟ee meeshaa muuziqaatiin walsimatee dhiyaata”.jedha.
Kanneen keessatti meeshaaleen sirbaa faayidaa hedduu qaban yammuu ta‟u, yeedaloo sirbootaa
kanneenii miidhagsuu; sagalee isaanii bareechiuu akka dhaggeeffatamaniifi do‟ataman gargaaru,
humna ta‟uuf; ragaduun, shubbisuun, dhiichisuun, utaaluun kanneeniin tumsamu.Isaaanis dibbee,
faaggaa, ulullee, masaanqoo, kilkillee, bilbila, xurumbaafi kana fakkaatu ta‟uu danda‟u hunda
dabalatu.Durbi Horroo meeshaan sirba cidhaarrati ittiin sirbitu dibbee jedhama.Durbi yeroo sirba
sirbitu dibbee distiifi kal‟oo quruphee irraa hojjetamteen quba harkaan rukkutuudhan sagalee
sirbaa dhangalasti.Dibbeen sun haala isaan ittiin dhangalasaniifi sochii isaanii to‟ata;
nidaangessa;dhimma mi‟eessuuf jecha isaanis ittiin simachiisu;sochiin qaama isaanii wal
simata.Weedduun sagalee ba‟u haala sanatti dhaqee galuun qindomina uuma.Muziqaanis wanta
haala akkanaa qabuun uumama.
16
Weedduun dameelee afoolaa keessaa tokko yammuu ta‟u, hawaasa tokkoof faayidaa adda addaa
kennuu danda‟a.Weedduun guyya cidhaa weeddifamu gammachuu, namni tokko jireenya isaa
keessatti jijjiirama guddaa agarsiisu keessaa isa tokkodha.Asaffaa (2009:21) kitaaba isaa eelaa
jedhu keessatti “Dhalli namaa osoo barreeffamaan ofibsuu hin eegaliin afoola, fakkiifi bocaan
yaada isaa ibsachaa ture”jedha.
Seefuu (2016) waraqaa eebbaa digirii lammafaa keessaatti, Bascom (1965) wabeefachuun,
Weedduun shaakalaa adda godhu nijira.Tokkoffaa yoomeessa yeroo cidhaatiin ala
weeddifama.Inni lammaffaa dhimma weeddifamuuf qaba.Weedduun yeroo hojiifi bashannanaas
niweeddifama”jedha.Misgaanuu (2011:66) irratti Holcomb (1973) Wabeefachuun yoo ibsu,
Shamarranniifi dargaggoonni gaa‟ela keessatti iddoo namoonni dogoggora yaalisaanii
hinarginetti weedduu shaakalu”jedha.
Nagarii (1995:5) irratti, Holmen (1992:449) wabeefachuun, kana ilaalchisuun yoo barreessuu,
amalli weedduu miira namaa kakaasu, onnee namaa bambansuufi garaa namaa raasu akka ta‟e
ibsa.
Weedduu arrabsoo gaa‟elaa yeroo cidhaa weeddifamu gurbaan fuudhu gootummaaf intala
heerumtu immoo durbumaaf faarsuu.Aadaa hawaasaa keessatti dhiirri bineensa ajjeesse
gootummaa akka mirkaneeffatu shamarreen tokko immoo durbummashee eegattee akka
weeddifamu barbaada. (Misgaanuu 2011:55) Haaluma kanaan raawwii arrabsoo fuudhaafi
heeruma Aanaa Horroo keessaa yemmuu ilaalamu daran hawaasa keessa ture ta‟ee amma kana
gadi bu‟aa deemeera.
2.13. Sirba
Jechi sirba jedhu sochii qaamaa akka ta‟etti beekamu danda‟a.Haata‟u malee, sochii qaamaa
osoo hin taane walaloo yeedaloon sagaleeffamee hurrubammaan dhugoomuudha.Fedhasaa
(2013:52) akka ibsetti, sochiin qaamaa maqaa ittiin beekamu qaba.Innis, hurrubbii jedhama.
Naannoo Oromiyaa keessattis hurrubbii gosa adda addaatu argama. Fakeenyaaf, shaggooyyee,
17
dhiichisa, mirrisa, geelloo, kumkummee fa‟a kaasuun nidanda‟ama. Egaa, sirbi walaloo yeedaloo
waliin deemudha.Kanaafuu, sirbi hurrubbiin walqabata jechuudha.Sirbi dhimma sirbamuuf irratti
hunda‟uun gosoota adda addaatti qoodama.Gosoonni kunis, sirba jaalalaa, sirba cidhaa, sirbahojii
(daboo), sirba ajjeessaafi kana fakkaatan fa‟i.Qoqqoddiin kunis, waan inni sirbamuuf irratti
bu‟uuruun raawwatamee dhimma jedhamuuf sanaan walqabatee yoomessa barbaadame irratti
sirbamuun dhugoomsa.
Og-afaanii jechuun tajaajila og-afaan haala adda addaa keessatti qabuudha.Og-afaanii hojii
kamiyyuu keessatti barbaachisaafi murteessaadha.Filee (2016:166) Akka ibsutti, Sirboota adda
addaa itti fayyadamudhaan hawaasummaa irratti jijjiirama fiduudhaaf falli tokko jechoota
filatamoo tahaniin miira ofii ibsuudha”jedha.Gahee ogafaan Oromoo kunniinis sirna fuudhaafi
heerumaa keessaa sirbi arrabsoo isa tokkoodha.
Arrabsoon walaloo dhiyaatu jechoota filatamootti waan gargaaramuuf jechoota muraasan ergaa
bal‟aa dabarsa.Arrabsoon jechoota baay‟ee hawwatamaa ta‟a dhiyaata.Akka Fedhasaan
(2013:85) ibsutti “Walaloon gosa ogbarruu miidhaginaa sagalee filannoo jechootaa, yeedaloo,
walqixummaa safara birsagootaa, unata sagaleefi duraa duuba jechootaa beekamudha”
jedha.Fayyadama afaanii haalaafi bakka kamitti hawaasni afaaniitti akka fayyadamu qabu
addeessa.Fedhasaa (2013:85) .Fayyadamni jechootaa arrabsoo durbaa keessatti argamu karaa ifa
ta‟een ergaa barbaade akkuma dabarsu, hiika dhokatas niqaba.Hiika dhokataa jechuun jechi
tokko wantoota ykn taatee hawaasa waliin qabuudha.Akkasumas, sirba arrabsoo gaa‟elaa
keessatti dubbiin qolaafi cigoon iddoo guddaa qabu.Fakeenyaaf, Sirba arrabsoo gaa‟elaa
keessatti durba qarree(kanhinheerumne)tokko gursummaa jechuun arrabsuu nidanda‟u.Malleen
dubbii hedduutu jiru.Isaanis, bakka itti dubbataniifi haala itti dubbatan qabu.Cigoonis akasuma.
18
3. XINMALLEEN QORANNICHAA
Kutaa kana keessatti malleen qorannoo kana keessatti dhimma itti ba‟ametu dhiyaateera. Ibsa
naannoo qorannich, Malleen qorannoo kana keessatti hojiirra oolanis: saxaxa qorannoo, mala
iddatteessuu, madda odeeffannoo, malleen odeeffannoofi mala qaaccessa ragaatu walduraa
duubaan dhiyaatee jira
Aanaan Horroo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa kudha tokko qabdu keessaa isa
tokkodha. Aanaan kun handhuura Oromiyaa Finfinneerraa gara dhihatti kiilo meetira dhibba
sadiifi diagdamii-afur (km 324) fagaatee argama.Magaalli guddoon Godinaa kana kan taate
Shaambu handhuura aanaa kana keessatti argama.Aanoota Godina Horroo Guduruu Wallaggaa
jala jiran keessaa kanneen Aanaa Horroo dangeessan: Bahaan Aanaa Abbaay Comman, Lixaan
Aanaa Abee Dongoroo, Kaabaan Aanaa Horroo Buluq, Kibbaan Aanaa Jimmaa Gannatii
marfamee argama.(Maddi waajjira aadaa tuurizimii aanichaa)
Horroon maqaa ilmaan Jaawwii Godinaalee adda addaa keessa jiran keessaa isa tokkodha.
Jaawwiin immoo ilma maccaati.Uummanni maccaa duruma durii eegalee aanaa Horroo keessatti
jiraachaa akka ture namoonni tokko tokko niibsu.(Maddi waajjira aadaafi tuurizimii).
“Qomoon maccaa dhihaafi kibba Oromiyaatti kanneen babai‟atan ja‟a (6) dha. Isaanis: Leeqaa,
Jaawwii, Hoollee, Guduruu Oboo, Sibuufi Tumeedha. Jabeessaa (1995, 87).Qomoon uummata
Horroo qomoo Jaawwiiti.Jaawwiin ijoollee torba godhate. Isaanis: Horroo, Amuruu, Giddaa,
Jimmaa, Liiban, Jirruufi Limmuudha. Ijoollee Horroo yeroo ammaa kana Godina Horroo
Guduruu Aanaa garagaraa keessa jiraachaa jiru.
19
Qileensi aanaa Horroo gosoota qilleensaa lamatu jira.Isaanis, Baddaafi Baddaa Daree
qofaadha.Aanaa kana keessa qilleensi gammoojjii hin jiru.(Maddi waajjira aadaafi
tuurizimiidha).Aanaan Horroo qilleensa oomisha mijawaa waan qabduuf midhaan garaagaraatu
keessatti oomishama.Isaanis, xaafii, garbuu, qamadii, boqqolloo, baaqelaa, atara, nuugii, talbaa
mata jaboo/aajjaa/ fa‟aa haalan oomishama.
Akka od-himtoonni waa‟ee cidhaa ilaalchisee ibsanitti.yaanni isaanii akka armaan gadiitti ibsam
eera.Qophiin cidhaa gabbara warra gurbaatu qophessa .Baasii guyyaa cidhaa irra caalaa isaa
haguuggu gabbara warra gurbaati.Maallaqa waan nyaataaf oolu adda addaa, geeshoo, barbaree,
foon, soogidda fi dhugaatiif ta‟u hunda akka sadarkaa sadarkaa isaatti kennatu warra gurbaati.
Intalli wayita guyyaan heerumaa ishee jala gahe dhufu hiriyyoota ishee walitti qabattee galgala
galgala sirba arrabsoo gaa‟elaa jala bultii nisirbiti.Warri gurbaas sirba arrabsoo gaa‟elaa balbala
isaaniitti sirba nijalqabu.Sirba arrabsoo balbala warra intalaas ta‟e, balbala warra gurbaatti
sirbamu irratti shammarraniifi dargaggoonni firriifi uummanni naannoo jiraatan jala bultii kana
irratti qooda nifudhatu.
Akka od-himtoonni warri haadholiin jedhanitti, Intalli guyyaan heeruma ishee jala gahe guyyaan
Shan qofaan yemmuu hafu nyaata jiidhaa nidhiifti; darbee darbee nyaata “bixxillee” jedhamu
kan xaafii irraa tolfamu gogaa isaa qofa nyaatti jedhu.Sirni kuns,“niqooqxi” jedhama.Sirni
qooquu intalli heerumte hanga guyyaa shaniitti wayita mana mushurraaf qophaa‟e keessa turtu
akka barbaaddetti gadi ba‟uufi ol galuu waan hindandeenyeef akka tahe himu.
Guyyaa gaafa cidhaa durbi sirba arrabsoo gaa‟elaa qe‟ee warra lamaanittuu nisirbama.Gurbaan
hamaamota nikadhata; fardeen nikadhata; miinjee nibarbaaddata; wantota gaafa cidhaa raawwatu
maraaf qophiin guddaan nitaasifama.
Obbo Unatuu Taganyee, obbo Gammadaa Hoffolaafi obbo Nugusaa Galataan (marii garee
9/7/2012), akka ibsanitti:guyyaa gaafa hamaamonni halkan mana warra intalaa sirba aadaa sirbaa
dhaqu.Warri intalaas, akka danbii dhaaba isaaniitti lakkoofsa hamaamotaa erga adda baasanii
20
booda ol galchanii teesisuun nyaataafi dhugaatii qophaa‟e kennu.Wayita lafti bari‟uu jala gahu
intalli sirba arrabsoo”ol nadabarsaa sodden argaa”jedhu sirbaa gara bakka taa‟umsa gurbaa
soddaa deemuun, gurbaanis ol ka‟ee ishee simata.Yoo yeroo isheen ol galtu ishee tuffatee taa‟ee
ishee simate,farsoo yookaan haraqee naannoo sanatti argamu ija isaatti naqxi. Kanaafuu, aadaafi
duudhaan naannoo kanatti waan beekamuuf gurbaanis taa‟ee ishee hin simatu, kabajan ol ka‟ee
ishee simata.
Ammas itti fufuun hamaamotaaf foon jiidhaan murata isaa nikennama.Erga nyaatanii booda
hamaamoteen faaruu buddeena faarsaa taphatu.Hamaamonni nyaatanii, dhuganii quufanii
buddeena nifaarsu; loon nifarsu; sangaa qotu nifaarsu. Haala kanaan sirbi cidhichaa baay‟ee
niho‟a; kana malees namaaf gammachuu kenna.
Sanaan booda sirni ayyaana baafannaa gurbaan kennaa warra intalaaf kennu niraawwatama.
Akkasumas,warri intalaa kennaa soddaa isaaniif kennan niraawwatu;hanga kanaatti durbis ta‟ee
hamaamoteen ni dhugdi,ni sirbiti;qe‟een ni urgaa‟a;fooliin misirroo,margi hundi nama ni
gammachiisa.
Ammas yeroo dhumaaf hamaamonni nyaata nyaatanii gurbaan miinjeewwan isaa fudhatee
abbaafi haadhaa, fira, jaarsoliin eebbifamtee manaa bahuuf qophoofti.Hamaamonnfi durboonni
immoo sirba mararoo dhaammachuu, sirba arrabso gaa‟elaa gundoo booreefi sirbaa sirna bahinsa
mushurootaa sirbu.
Abbaan, haati, jaarsoliin, firoonniifi ollaan erga intala eebbisaniin booda mushurroo warra
miinjeetti kennuun intalli warra nagaatti taa‟aa jettee soddaa faana baati.Hamaamotni intala
fudhatanii gara mana gurbaatti sirbaa qajeelu.Sirbi arrabsoo gaa‟elaa duraa duubaan mana
gurbaatti itti fufa
21
Qorannoo tokko gaggeessuu keessatti kallattiin raawwii qorannichaa maal akka ta‟e ibsamuu
qaba.Adeemsi saxaxa qorannoo karoora hojii kan qorataan beekuu qabu, kan eessaa ka‟ee
eessarra akka jiruufi eessatti akka galu kan murteessuudha, Kaayyoon qorannoo kanaa galmaan
gahuuf qorannichi mala qorannoo akkamtaa keessaa mala ibsaatti fayyadamee qorannoo kana
gaggeesse.Sababni qorannoon akkamtaa kun filatameef sirba arrabsoo gaa‟elaa qorachuun kan
danda‟amu qaamaan naannoo sirbi arrabsoo gaa‟elaa itti raawwataman deemuun sirbi arrabsoo
kun akkammitti akka raawwatamuufi maal fa‟aarratti akka xiyyeeffatu afgaaffiifi marii garee
xiyyeeffatetiin ragaalee qorannoo kanaaf funaanamanii jiru. Qorannoo akkamtaa sirba arrabsoo
gaa‟elaa keessatti ragaawwan karaa garagaraatiin qaaccessuuf mijataadha.Qorannoon akkamtaa
ragaawwan funaanaman jechaan ibsu yommuu ta‟u,ragaaleen qorannoo kanas jechaan
ibsameera. .
22
Maddi ragaa qorannoo kanaa madda raga tokkooffaa yemmuu ta‟u,kuni hawaasa Oromoo aanaa
Horroo keessa jiraatan, jaarsota afur, haadhoiii shanii, shammarranii sadiifi hojjettoota waajjira
aadaafi tuurizimii lama waliigala kudha afur; isaan waa‟ee sirba arrabsoofi sirna isaa irratti
muuxannoofi beekumsa qabaniidha.
Qorannoo kanaaf odeeffannoo murteessaan qaamota hawaasa aanaa Horroo keessa jiraatan
keessaa namoota kudha afur(14) tu filatame.Kana jechuun, Malli iddatteessuu qorataan dhimma
itti bahe mala iddattoo miti carraa yoo ta‟uu, malleen iddatteessuu keessaa mala iddatteessuu
akkayyoofi darbaa dabarsaatu tajaajila kennee jira.Sababiin isaas, malli namoota dhimmicharratti
hubannoo qaban filachuuf gargaareera.Haaluma kanaan qorataniis namoota odeeffannoo kennuu
danda‟aniifi waa‟ee sirba arrabsoo gaa‟elaa irratti muuxannoo qaban jedhaman filatee jira.
Kunis, jalqabarratti qorataan namoota sirba arrabsoo gaa‟elaa sirriitti beeku jedhee amane
kaayyaffachuun dubbisuun odeeffannoo qorannichaaf barbaachisu funaanamee jira.
irraa funaanaman barreessuufi dubbisuu hindandeenye waan ta‟aniifi.Itti dabalees, ragaalee fun
aanaman qabiyyeetti qoqqoodamuudhaan mala akkamtaati fayyadamun odeeffannoon funaanam
e jira. Meeshaleen kun kan filatameef mala qorannoo qaaccessaa raga qorataatiin walliin waan
walsimuuf dhimma itti bahame.
3.5.1. Afgaaffii
Kaayyoo qorannoo kanaa waliin deeman gaafilee kudha afur qophaa‟uun iddattoowwan
filatamaniif dhiyaatanii jiru. Sababni gaaffilee afaanii banaa ta‟an qophaa‟aniifis qoratan haala
namoota odeeffannoo kennanii irratti hundaa‟uun gaaffilee jijjiiraa gaafachuun odeeffanoo
argamu yaadannoo jechaan barreeffachuun qabachaa ture.Gaaffileen afaanii qophaa‟an kanneen
sirba arrabsoo gaa‟elaa, duudhaalee gaa‟ilchiifi raawwannaalee isaa keessatti raawwatamu walitti
qabuufi xiyyeeffannoo ergaa isaa bira gahuuf yommuu ta‟u,sababni tooftaan filatameef hawaasa
aanaa Horroo keessa jiraatan kanneen iddattoo qorannichaa ta‟an filataman yaadasaanii bilisaan,
bal‟inaan akka ibsan taasisuufidha. Kana jechuun hawaasni afwalaloo sirba arrabsoo gaa‟elaa
irraa funaanamu hedduun isaanii namoota dubbisuufi barreesuu hindandeenye ta‟e hubannoo
keessa galchuun yaada isaanii afaaniin akka ibsan ta‟ee jira. Gaaffileen afgaaffiidhaan dhiyaatan
gaaffilee kaayyoo qorannichaa irratti hundaa‟uun qophaa‟an ta‟anii deebiin iddattoonni deebisan,
qoratan kun jecha isaanii yaadannoo qabachaa, sana booda seera qabeessan jalqabaa hanga
dhumaatti duudhaalee gaa‟ilichaafi raawwannalee isaa duraa duubummaa isaa qindeessun
dhiyeete jira.
Iddattoowwan filatamaan keessaa namoota sirba arrabsoo gaa‟elaa irratti hubannoo qaban
baay‟inni isaanii jaha ta‟an waliin marii garee gochuun odeeffannoon funaanameera.Namoonni
marii garee kana irratti hirmatanis jaha (6), ogeessa waajjira aadaafi tuurizimii lama, jaarsolii
lamafi haawwoota lama yommuu ta‟an, qorataan qabxiilee kaayyoo qorannichaa milkeessuu
dana‟u jedhee amanu qopheessuun yaadannoo qabachaa mariisisuun odeeffannoo barbaachisu
walitti qabatee jira.Sababa ogeessonni waajjira aadaafi tuurizimii filatamanis muuxannoo
qorannoo aadaa hawaasaa kanaan dura aanaa Horroo adeemsisaniin walqabsiisuun sirba arrabsoo
gaa‟elaa Oromoorratti yaada kennuu danda‟u jedhee qoratan waan amaneefi.Akkasumas,
24
maanguddoonni hubannoo sirba arrabsoo gaa‟elaa yeroo dheeraa qabaniin walqabsiisuun yaada
kennuu waan danda‟aniifi namoota muuxxannoo qaban walitti fiduun mariisisee jira.
Kutaa kana jalatti ragaaleen iddattoowwan hawaasa Oromoo aanaa Horroorraa malleen funaansa
ragaalee adda addaatiin walitti qabaman qoqqoodamuun qaacceffamanii hiikamaniiru.Ragaaleen
kutaa kana jalatti qaacceffaman kun ija yaadiddama deebisanii ijaaruun qaacceffamanii akkaataa
kaayyoo qorannichaa mirkaneesuun dhiyaataniiru.
Kaayyoo bu‟uura qorannoo kanaa sirba arrabsoo gaa‟elaa hawaasa Oromoo aanaa Horroo
qaaccessuu yemmuu ta‟u,kaayyooleen gooroo immoo xiyyeeffannoo ergaa sirba arrabsoo
gaa‟elaa adda baasuu,yoomessa sirba arrabsoo gaa‟elaa qaaccessuu, faayidaafi sirbi arrabsoo
gaa‟elaa yoo dagatame yookaan yoo bade miidhaa inni geesissu qaaccessuufi sadarkaa sirbi
arrabsoo gaa‟elaa hawaasa Oromoo aanaa Horroo irra jiru ibsuudha.Bu‟uuruma kanaan
kaayyoowwan kanarratti xiyyeeffachuun ragaalee hawaasa Oromoo aanaa Horroorraa mala adda
addaatiin funaanaman qaacceffamanii akka itti aanutti dhiyaataniiru
Maalummaa Afwalaloo
Afwalaloon hambaa aadaafi seenaati. Bara durii irraa eegalee dhalootarraa dhalootatti lufaa waan
dhufeef, hambaadha.Karaa tokkoon aadaa geerarsaa, daboo, fuudhaafi heerumaa, faaruufi kan
kana fakkaatu akka aadaa oromootti akka labata dhufee darbu bira gahu taasisa. Karaa biraatiin
afwalaloowwan kanneen keessa seenaatu jira. Hamaafi gaarii, bal‟inaafi dhiphina, gaddaafi
gammachuu, uummanni keenya keessa jiraate mul‟achaa ture. Afwalaloon ofumaa isaatiin
seenaadha.
Afwalaloon hawaasaaf bu‟aa hedduu qaba.Waan badaafi gaarii hawaasa tokko hubachisee
kallattii safuu hawaasni fedhuun dhaloota gaggeessuuf gahee guddaa qaba. Hawaasni afawalaloo
gargaaramee wal gorsa, walbarsiisa, walbashannansiisa jechuudha.Kana malees, gootummaa,
cimina, hawwii jiruufi jireenya, akkasumas hojiiwwan garaagaraa keessatti hamileefi
tokkummaa walitti horuuf afwalaloon waan guddaa hojjeta. Sabbonummaa jabeessuufi siyaasa
cimsuu keessatti afwalaloon meeshaa cimaadha.
Afoolaan gargaaramee hawaasni, eenyummaa ofii beeksisa; dhufte hidda dhaloota isaa seenessa;
waa‟ee jireenya waliigalaa irratti falaasama qabu ibsata. Aadaafi duudhaan ofii kan ittiin
tursiifamus ogafaaniini. Gaddaafi gammachuu, hawwiifi abdii, jibbaafi jaalala, injifachuufi
injifatamuu, deeggarsaafi mormii, hunduu afoolaan ibsamu.
26
Afoolli yaada seenaa,aadaa,duudhaafi falaasama ilma namaa ifa godha.Yaada kana Misgaanuu
(2011:57-58),yemmuu ibsu,wanti afaaniin lufaa as dhufaan kun eenyummaa falaasama,ilaacha
hawaasaa ,muuxannoofi akka waliigalatti jiruufi jireenya dhala namaa baatanii as gahan”
jedha.Hawaasni Oromoo bakkaafi yeroo adda addaatti dhimma garaagarattiif afoolatti
gargaaramee ergaa isaa dabarfachaa ture.afoolli isaa kunis,jiruufi jireenya isaa waan ta‟eef isaan
gorfata,daawwitii jireenya isaa waan ta‟eefis keessatti ofilaala deema.
Akka odeef-kennittoonni ibsanitti, xiyyeeffannoon sirba arrabsoo gaa‟elaa: safuu hawaasa tokko
keessatti cabe ittiin sirreessuuf, amala hin barbaachifne hawaasa keessatti mul‟atu ittiin
to‟achuuf, bashannanaafi gammachuuf, ittiin waljajjabeessuufi sodaan akk itti hin dhagahamne
gochuuf gargaaruu danda‟a.
Itti dabales,sirbi arrabsoo gaa‟elaa safuu hawaasaa barsiisuuf bu‟aa hedduu qaba.Durbi akkuma
itti dufetti kan haasoftu osoo hin taane,waan dubbattu hunda ofeegannoo gootee safuu hawaasaa
eegdee kabaja guddaa gootee ofkabachiiftee ofeegannoon haasawaa gochuu qabdi.‟Haata‟u
malee shammarran tokko tokko haala kanarraa adda ta‟een waanuma akka arganitti yemmuu
dubbatu,uffannaa qaama isheerraa qullaa buustee handhuura ishee mul‟istee yemmuu deemtu
nimul‟ata.Akkasumas,durbummaa ishee eegachufillee dhimma itti hin qabdu.Namoota safuu
hawaasaa cabsan itti dubbatanii gorsuun waan nama salfachiisuuf sirba arrabsoo gaa;elaa
keessatti ittiin qeequ.
Akkuma boqonnaa lammaffaa gabaasa qorannoo kanaa keessatti xiyyeeffannoon sirba arrabsoo
gaa‟elaa gorsuudha.Bu.uuruma kanaan sirbi arrabsoo gaa‟elaa kallattinis ta‟e alkallattiin hawaasa
Oromoo aanaa Horroo keessatti sirbamu gorsa adda addaaf akka sirbamu ni mul‟ata.Kana
mirkanneefachuufis fakkeenyota yoomessa sirba arrabsoo jalatti sirbaman ilaaluun nidanda‟ama.
Akka barruu firoomanii keessatti ibsamuuf yaalame sirbi arrabsoo gaa‟elaa dargaggoota cimsuufi
jajjabeessuuf tajaajila.intaslli tokko yookaan gurbaan tokko mana maatii isaaniirra adda bahanii
hin beekan yoo ta‟e, akka nama alaa waliin waliigalanii jiraatan ittiin jajjaabeessuuf
gargaara.Intalli guyyaa gaafa gurbaatti dabalamtu akka isheetti sodaan hin dhagahamne taasisa.
Akka odeef- kennittoonni ibsanitti, gurbaan tokka yoo waan gaarii hojjate ittiin faarsama;
ciminni isaa ittiin jajjabeefama.Garuu yoo waan hawaasa biratti fudhatama hin qabane hojjate
sirba arrabsoo gaa‟elaa keessatti ittiin qeeqama;ni tuffatama;dubartii mogolee jalaa fuudhe
jedhamee ittiin arrabsama.Kunis, dargaggeessi yookaan shamarran waan gadhee dhoksaan
hojjatame sirba arrabsoo keessatti ittiin saxilama.
Karaa biraa namni tokko naamusa qabaatee, sagaagaltummaarraa bilisa ta‟ee, yaada fedhiifi
hawwii hawaasaa hubatee fedhii ofii to‟ate dhimma kana xiyyeefatee fiixan baase hawaasa
keesattis ta‟e sirba arrabsoo gaa‟elaa keessatti ni jajjabeefama.
Sirbi arrabsoo sirbaman kunis gurbaan inni intala fuudhu sirna gaa‟ela isaa kanarratti waan
jijjiirama arguuf gammachuusaa ittiin ibsata.Durbi qe‟ee gurbaatti sirban gurbaa fuudhuu
gammachiisuuf: faayaa isaa, gootummaasaa, qeerrummaa isaatti naamusa gaarii qabaachuu isaa,
yeroo dargaggummaa isaa kashalabbummaarraa ofeegannoo godhee osoo dubartii bira hin gahiin
turuusaa, qabeenya horachuusaa, humnasaan dadhabaa gargaaruusaafi waan inni gaarii hojechaa
ture hunda ittiin faarsu.
4.2.1. Sirba Arrabsoo Gaa’elaa Jalabultii Qe’ee Warra Gurbaa Intala Ittiin Arrabsan
Akka adde Ayyantuu Nagariifi Geexee Alamayyoo afgaaffii, (9/7/2012), ibsanitti, Adeemsa
fuudhaafi heeruma keessatti sirbi arrabsoo gaa‟elaa jala bultii qe‟ee warra gurbaatti kan intala
ittiin arrabsan duudhaalee hawaasicha keessaa isa tokkoodha.Namoota adeemsa gaa‟elaa keessa
seenan amaloota isaanii ittiin sirreessuuf, qeequuf, yookiin ittiin gorsuuf tajaajila
kennuudha.Qe‟ee maatii gurbaatti dhiirrfi shamarrani waliin ta‟uun harkaan mudhii walqabatanii
naanna‟anii sirba arrabsoo gaa‟elaa jalabultii sirbuun gurbaafi maatii gurbaa gammachiisuu,
intala immoo arrabsu, jaalala gurbaaf qaban ibsu, yeroo kanattis akkas jechuun intala arrabsu.
Fakkeenya.1.
Qe‟ee warra gurbaatti yeroo jala bultii jalqabdu shamarreen wallee bartuu reefu sirbuuf deemtu
kanaan dura hedduu hin sirbine ta‟uu ishee of-ibsattee sirba arrabsoo gaa‟elaa jalqabdi.Sirbaaf
baayee akka ishee barbaadaniif itti dhaaman of-eerti.”Atoo harreedha, harree dhaltuudha.”
Yaanni ibsu,harreen dhaltuun maqaa gaarii akka hinqabneefi wadalli harreefi inni kolaafames
yeroo mara akka ishee yaabbatuuf bakka hedduutti akka argamtu fakkeessanii ishee
29
arrabsu.Arrabsoo keessatti dubbii qolaa iddeessatu tajaajila kenne.Kana jechuun amala harree
dhaltuun qabdu intalaaf kenname jechuudha.Ilaalcha hawaasa Oromoo Horroo biratti isheen
akka harree dhaltuu salquunnamtii humnaa ol barbaaddu fakkeessanii intala arrabsu.Kun immoo
hawaasa keessatti durbi osoo hin heerumiin of-eegannoo gootee hanga guyyaa heerumtuutti
safuu hawaasaa eegattee akka teessu gargaara.Sababni isaa, hawaasa keessatti saalquunnamtii
kan raawwatu dubartii abbaa warraa qabdu qofaadha jedhamee amanama.Garuu, durbi safuu
hawaasaa hineegneefi qaanii hin beekne raawwachuu dandeessi.Sirbi arrabsoo gaa‟elaa immoo
durbi hawaasicha keessatti durbummaa ishee eeggattee ofqusattee akka teessu taasisa,kabajas
qabaati jedhu yaada dabarsuuf faarfameedha.Dabalataan fakkeenya armaan gadii ilaali.
Fakkeenya, 2.
Mukarbaa dooluu,
Wayyoo yaantalee,
Sittorfaa ooluu,
Yaa gaalamootee.
Intala arrabsamtu sun namni sin hin saalfatu, ulfina hinqabdu jedhanii ishee qeequ jechuudha.
Ergaan sirbi arrabsoo gaa‟elaa “yaa hiddihoo baalashee”jechuun baalli hiddii akka mukaa warren
kaanii faayidaa hinqabu.Kanaaf yeroo intala arrabsan baala hiddii itti fakkeessu.”Yaa intalee hoo
baalagee”kan jedhu immoo safuu hinbeektu, ati aadaan ala taatee jirta; yaada jedhu
dabarsa.”Mukarbaa dooluu” ittiin jedhan muka baala hinqabne, damee ofirraa hin qabanne, kan
hinmiidhagne ta‟uu isaa karaa sirbaa arrabsoo gaa‟elaa kana ergaa dabarsa.Kanaaf safuun
hawaasaa as-keessatti akka cabee jiru calaqqisiisa.”Yaa gaalamoote” jedhanii isaan arrabsan
walalaloo kana keessatti nimul‟ata; kun intalli sagaagaltuu akka taatetti ibsuuf tajaajila.Sirbi
arrabsoo sirbamu guyyaa jala bultiirraa jalqabee hanga guyyaa gaafa cidhaatti garee warra
30
gurbaatiin intalla heerumtu arrabsu.Keessuttuu intalli heerumtu sun arrabsoo kana gurratti
dhaggeessu isa guyyaa jalabultii caalaa isa gaafa guyyaa cidhaa mana gurbaatti sirbamudha.
Fakkeenya 3.
Akka qabiyyee sirba arrabsoo gaa‟elaa kanaatti, guddoon sagaagaltuudha, karaa walgeenyu
hinqabnu, maal irratti nageese? Yoo irra ishee ilaalan rifeensi mataashee.jigaa bareedaa; dheeraa
muujjaa fakkaatu qabdi.Yoo jala ishee ilaalan garuu durbummaa hin qabdu jedhanii ishee qeequ.
Hawaasni Oromoo miidhgina bakkee yookaan wanta mul‟atu qofa irratti hundaa‟ee hin
gammadu.Safuu hawaasa naannoo hangam akka eegdu kabaja isheen ofii,maatiifi hawaasa
naannoo sanaaf qabdu irraa arguu barbaada.Keessummayyuu shamarreen durbummaashee
eeggattee heerumtee hawaasni biratti kabaja guddaa qabdi.Akkuma dhiirri ajjeessee faachaan
garmaamee galu maqaasaafi maatiisaa waamsisu, durbis, durbummaashee eeggattee hanga gaafa
heerumtuutti kabajamtee maqaa isheefi warra ishee waamsisuu barbaaddi.Kana ta‟uu baannaan
gurbaa fuudhu biratti, hiriyyoota ishee biratti, maatii gurbaafi maatii ishee biratti, hawaasa
naannoo biratti kabajaafi ulfina akka hin arganne ishee taasisa.
Akka adde Geexee Alamirroo afgaaffii (11/7/2012), ibsitetti, Sirba arrabsoo gaa‟elaa keessatti
durbi heerumtu durbummaa yoo qabaattes yoo durbummaa dhabdes, arrabsoo gaa‟elaa keessatti,
waa‟ee durbummaatiin arrabsamuun ishee akka aadaa naannichaatti hin hafu.
Fakkeenya 4
Hodhituun sadii
Akka walaloo olii ibsutti, shamarran osoo hin heerumiin dura mana maatii isaanii yeroo jiraattu
hodhaa hodhittee kuufattee guyyaa gaafa heerumtu fudhattee deemti.”Deessee hin guddifattu
bultee gatatte mana abbaa isheetti”jedhu kun mana warraatti shamarreen da‟uun qaaniidha.
Shamarran yeroo tokko tokko waanti akkanaa tasa yeroo uumamu‟illee lubbuu daa‟ima dhalattee
dhoksitee balleessuun nimul‟ata.Kun safuu hawaasa naannoo eeguu dhiisuu ishee, gaabbuu ishee
mul‟isuufi osoo namni irratti hinbeekiin kana yoo goote, isheen deessee jirti jedhee akka
namoonni isheerratti hinhaasofneef taasisuufidha. .Garuu, durbi qarree hanga gaafa heerumtuutti
walquunnamtii saalaa raawwachuu hin qabdu.Isheen garuu raawwachaa jirti yaada jedhuun
arrabsu jechuudha.
”Yaa iraan gadee baala goomanaa” jedhan, baalli goomanaa cululluqaa kan mucucaatu, kan
hinqabamne tahuu mul‟isa. “Yaa jalaan oofe qaawwa sooyyamaa”jedhu. akkas jechuun,
shamarreen tokko hanga gaafa gaa‟elaashee raawwatutti walquunnamtii saalaa raawwachuu akka
hin qabne hubachiisa.Isheen garuu durbummaa ishee gattee jedhanii ishee arrabsu.Buufata
dhumaa irratti haati intalaa illee akka ejjaa jirtu ittiin arrabsu.Garuu, akka naannoo kanatti sirba
arrabsoo gaa‟elaa keessatti arrabsoo durbi ittiin walarrabsitu dhuguma raawwattee osoo hin ta‟in
dhaloota boodaan dhufan akka irraa hubatanii heeruma dura akka salqunnamtii hin raawwanne
ittiin gorsuuf akka shamarraan hin baalaganneef ittiin qeeqama.Walumaagalatti qe‟ee warra
32
gurbaatti intala gurbaatti heerumtu ittiin arrabsanii aarsuuf malee dhuguma intalli gocha akkasii
raawwattee miti.
4.2.2. Sirba Arrabsoo Gaa’elaa Jalabultii Qe’ee Warra Gurbaa Maatii Intalaa Ittiin
Arrabsan
Gaagura buusuu
Damma nyaachuufoo
Wayyoo yaantalee
Warri keessanoo
Guyyuma yuusuu
Nama nyaachuufoo
Walaloo sirba arrabsoo gaa‟elaa kana keessatti “nama nyaachuufoo” jedhu kun kan agarsiisu
sanyiin warra intalaa budaa ta‟uu yookaan karaa ijaa kan hamataman ta‟uu mul‟isa.Haata‟u
malee akka armaan olitti ibsuuf yaalametti namni akkas jedhamee arrabsame dhuguma sanyii
budaa taananii miti.Garuu, gochaan kun hawaasa naannichaa keessatti jibbamaa akka ta‟e kan
mul‟isudha.Haala kanaan sirba jalabultii qe‟ee warra gurbaatti maatii intalaa arrabsuun aadaa
isaanii calaqqisiisaa ofgammachiisuu jechuudha.
33
Mana warra gurbaatti sirba arrabsoo jalabulttiin sirbamu galgala galgala kan sirban shamarran
naannoo qe‟ee warra gurbaafi dargaggoota dhiiraa yoo ta‟an isaanis akka aadaa naannichaatti
walqabatanii geengoo uumanii sirba arrabsoo gaa‟elaa sirbu jechuudha.
Akka od-himtoonni ibsanitti, aadaa Horroo keessatti guyyaa gaa‟elaa ilmi wasiilaa gurbaa
fuudhu jabbii dhooftuu (waarsaa) jedhamee ittillee baachuuf niramadama.Kunis, yeroo
hamaamonni mana warra intalaatti olseenan gara boodatti hafee ol seenuu qaba. Sirna naqatanii
fuudhuu keessatti baay‟inaan mana qe‟ee intalatti kan jajamu intala heerumtu yoo ta‟eyyuu,
gurbaan fuudhus gareesaatiin nijajama.Gurbaan guyyaa gaafa intala fuudhuuf qajeelu, yeroo
manaa bahuuf qophaa‟u nifaarsama.Intalli heerumtu,maatiin intalaa,obbolaawwan intalaa,
firoonni intalaafi miinzooliin intalaa niarrabsamu.Durbi obbolaawwan gurbaa akkas jechuun
gurbaa faarsaa intala arrabsaa gaggeessu.(od-himtuu Gexee Alamirroo)
Hamaamoteen addaatte,
Sirba kana yeroo gurbaan fuudhuu dhaquuf qajeelu jaalala gurbaaf qaban ibsu.” Intalli lafti siin
cite”intalli immoo lafti cite jedhanii sirbuun dhiphuu itti horu.Bo‟oo sadaffaafi arfaffaa irratti
uffannaa adii uffatanii babbareedanii dhufaa jiru.Miinjeen intalaa gartuu intalaatti waan ilaalaniif
caccabii qe‟ee warra intalaatti hafi jedhanii abaaru.Kaadhimaan nagaan gali jedhanii eebbisu.
Sirna gaa‟elaa Horroo keessatti miinjeen intalaa qe‟ee warra gurbaatii akkuma intalatti innis
niarrabsama.Akkasumas, hamaamota isaallee faarsaa cidhicha akka ho‟u taasiu.Dabalatanis,
akka inni nagaan milkaa‟ee deebi‟uuf hawwii gaarii isaaf qaban ibsaa gaggeessu. mana maatii
isaatii bahee gara mana warra intalaatti deemuuf qophaa‟uurraa eegalanii hanga inni farda
yaabbatee deemutti shamarraniifi dubartoonni gurmaa‟anii kan sirbaniidha.Sirba gaa‟elaa kana
keessatti gurbaa fuudhu sanaan „waaqiin qixxee‟ jechuun akkuma waaqaa beekaadha;guddadha
jechuun isa jaju.Namni waaqan qiixxee akka hintaane osoo beekanii gurbaa ol ol kaasuudh
Akka adde Geexee Alamirroofi Baliyyee Adulaa afgaaffii (12/7/2012), ibsanitti, sirbi arrabsoo
gaa‟elaa jalabultii qe‟ee warra intalaatti sirbamu guyyaan cidhaa murtaa‟ee torbaan lama
yommuu hafu qe‟ee intalaatti galgala galgala sirbamuu jalqaba.Intalli heerumtu shamarran
ollaafi naannoo ishee kadhattee eeyyama maatii durbootaa akka isheef galgala sirbaniifii
gaafattee akka sirbashee ho‟isanifii taasifatti jedhu.Akkasumas, sirbi jalabultii sirbamuu
yommuu jalqabu dargaggeeyyiin fedhii mataa isaaniin deemu.Dargaggeessi muraasni immoo
obbolaa durbaa isaanii eeguufis nidhaqu.Sirbi yeroo itti sirbamu halkan keessaa sa‟aa lamatti
eegalee hanga sa‟aa sadeetiitti sirbamuu nidanda‟a jedhu.
Itti dabalees, intalli heerumtu fira gurbaa, maatii gurbaafi gurbaa ishee fuudhu, olla gurbaa
arrabsitti.Shamarraan guyyaa gaafa halkanii erga sirbanii booda affeerraan nyaataa mulluu
yookaan akkaayiin niqopha‟a.
Maammoon (2009), Dafaa (1974:18) wabeeffachuun akka ibsetti, qe‟ee warra intalaatti
shamarreen heerumtu obboleetti yookaan addooyyee ishee faana deemtee sirba jalabultiif durba
kadhatti.Sirbi arrabsoo durbi heerumtu addooyyee ishee waliin taatee gurbaa ishee fuudhuufi fira
isaa ittiin arrabsituudha jedha.
35
4.2.4.1. Sirba Arrabsoo Gaa’elaa Jalabultii Qe’ee Warra Intalaa Maatii Gurbaa Ittiin
Arrabsan
Akka odeef-kennitoonni ibsanitti,akkuma olitti mana warra gurbaatti maatii intalaa arrabsan
qe‟ee warra intalattis maatii gurbaa arrabsu.Kunis,intalli heerumtu hiriyyoota ishee waliin ta‟uun
maatiifi fira ishee jajaa, gammachiisaa, maatii gurbaamoo arrabsiti.Arrabsoon akka komiitti hin
fudhatamu.Sababni isaas kan hawaasa keessatti jibbamu ittiin balalefatanii walbarsiisuuf
gargaara.Arrabsoon isaa cimee yoo wallolanis seera duratti wal-hin himatan,kan araarsu aadaa
dhuma sanatu araarsa.
Waancaa gombisuu
Leencicha budaa
Mataa tolchituu
Jilbaan adeemti
Bo‟oo jalqabaa irratti intalli heerumtu walalootti gargaramtee akaaku mukaa keessaa”
hanbaaltaan muka, waancaa gombisuu”jechun ishee muka qabannaa ulee ta‟uu hindandeenye
qabatta, safuu hinbeektu waancaa ittiin eebbaaf gargaaru gadi gombisata jettee qeeqxi.
”Leencicha budaa, mataa tolchituu”jechuun maatiin kee budaadha; ati budaa cimaadha; namatti
xiibarta, jechuun arrabsiti.”Haati kee naafa, jilbaan adeemti”jedhuun haati kee akka waraabessaa
okolti nama nyaatti “abbaa kee nyaattee, mataa keef deemti” jechuun budaan fira hin beektu
abbaa kee nyaattee ilma ishees nyaachuuf qopha‟aa jirti jettee maatii gurbaafi gurbaa arrabsiti.
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa guutummaa guutuutti rifeensi mataa haadha gurbaa fuudhuu dheerina
akka hin qabane ittiin qeequ.Akka qilleensa Horrootti yoo roobni robe waan hin margine hin
jiru.Shamarran kana waliin walbira qabanii rifeensa haadha gurbaa cabsu.Akka durba Horrootti
dubartiin rifeensa mataa qabdu miidhagina isheetu hawaasa naannichaa keessatti fudhatama
qaba.Kanaan walqabsiisuun rifeensi mataashee gabaabaa yookaan qiciicaa waan ta‟eef sirba
kanaan gabaabina rifeensa mataa haadha gurbaa ibsu.
Akka od-himtoonni ibsanitti, qe‟ee warra intalatti akkuma haadha gurbaa arrabsan abbaa gurbaas
niarrabsu.Kunis, abbiyyuu sirba gaa‟elaa keessatti yemmuu arrabsan akkas jedhu
Fakkeenya 9.
Akkuma sirba arrabsoo oliirraa hubatamuu danda‟uutti bo‟oo sadaffaarratti” dhufe abbaa
dubbii”jedhu haasaa yookaan dubbii jaallata jechuun amala abbiyyuu intalaa(abbaa gurbaa) ittiin
ibsu.Hawaasa Horroo keessatti haasawaa baay‟isuun akka badaatti ilaalama.Kanarraa ka‟uun
karaa sirba arrabsoo gaa‟elaa hanqina qaban waliif dabarsu.Bo‟oo arfafaa kan “cidhaan
37
gumbii”jedhu intalli abbiyyuu ishee walalootti fayyadamte abbiyyuun intalaa cidhaan isaa
gumbii guddaa kan dhoqqeerraa hojjetame midhaan baatu waliin walfakkeessuun arrabsiti.Haala
kanaan hawaasni naannichaa yoomessa kadhatanii fuudhuu keessatti qeeqa qaban ciminaan
dabarfatu.Walumaagalatti abbiyyuun intalaa nama dubbii jaallatu ,dubbataa jechuudhan qeeqa
qabdu ibsati.Kana malees, obboleettii gurbaas, warri intalaa niarrabsu.Akkaataa isaan ittiin
arrabsan akka armaan gadiiti.
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa intalli heerumtu obboleettii gurbaa ittiin arrabsituudha.Kunis, sayyuun
intalaa maatii ishee biratti seeraan hin guddanne,safuu hin beekne ta‟uu ishee mul‟isa.Hiikkaan
sirba arrabsoo kanaas,sayyuun intalaa yeroo hunda manatti akka hin argamne ibsa.Roobni
yemmuu roobu illee manatti hin argamtu.Ergaan isaa inni guddaan gaana barteetta yoo ittiin
jedhaniin,ati dhiira hedduu waliin sagaagalta ergaa jedhu dabarsa.Sirboonni arrabsoo gaa‟elaa
dubbii qolaatti gargaaramuun yoomessa kadhatanii fuudhuu keessatti warri intalaa warra gurbaa
ittiin arrabsaniidha.Intalli arrabsamtu akka isheen bineensa jaldeessa jedhamu waliin sagaagaltu
fakkeesanii arrabsu.
4.2.4.2. Sirba Arrabsoo Gaa’elaa Jalabultii Qe’ee Intalaa Gurbaa Ittiin Arrabsan
Akka od-himtoonni ibsanitti, akkuma olitti eerametti qe‟ee warra intalatti osoo ciini hin gahiin
torbaan lama yoo hafu sirbi jala bultii nisirbama.Sirbi arrabsoo gaa‟elaa keessatti Kan arrabsamu
warra walfuudhan lamaan qofaa miti.Firootanni isaanilee in arrabsamu.Walaloo sirba arrabsoo
38
gaa‟elaatti fayyadamuun intalliifi hiriyyoonni ishee gurbaa fuudhuun yommuu arrabsan akkas
jechuun arrabsu.
Sirba arrabsoo gaa‟elaa fakkeenya 10ffaa irraa wanti hubatamu hanga guyyaa gaafa hamaamonni
gurbaa dhuftee intala fudhatee gara mana isaatti galutti galgala galgala qe‟ee warra intalatti sirba
arrabsoo gaa‟elaa hiriyyoonni intalaa walitti yaa‟uun sirbanii intalaafi maatii ishee gammachiisu.
Arrabsoo olii kun, ati nama miti; dhala osoleeti malee jechuun bineensa osolee jedhamtu holqa
mukaa keessa kan galtu waliin wal fakkeessanii gurbaa arrabsu.Bineensi osolee jedhamtu
hawaasa naannoo Horroo biratti hinjaalatamtu.Bineensa bifaan gurraatti waan taateef miidhagina
hinqabdu jedhamtee jibbamti.Kanaaf gurbaan miidhagina hinqabdu jedhanii bineensa osolee
jedhamtutti fakkeesanii gurbaa arrabsu.Walaloo bo‟oo sadaffaa,”haati kee duutemoo jirti”jedhu,
yoo haati kee lubbuun jiraatte ishee gurgurree meeshaa bishaan lagaa ittiin fidan binna, jedhanii
arrabsu.
Fakkeenya 12.
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa olii intalli heerumtu tuffii gurbaaf qabdu kan ittiin ibsitudha.”Baasi
surree kee sabbatittii kee”jedhuun, uffanni surree ati uffattu sabbata dubartii fakkaatti, xura‟ee
waan jiruuf ofirraa baasi habalashaa eelee godhannee itti fayyadamna jechuun arrabsiti.“
39
Habbuubbiin ayyoo darbaa buqa‟e”jedhu, Meeshaa aannan ittiin raasan osoo humnaan darbatanii
adda bahe, garuu ati dhiira miti akka dubartiiti dhiira waliin saalqauunnamt iraawwattuu addi kee
si madaa‟e, jechuun intalli heerumtu gurbaa ishee fuudhuun arrabsiti.
Fakkeenya 13.
Jigseeti injira
Walaloo sirba arrabsoo gaa‟elaa gurbaan intala fuudhuuf deemu qaanii hinbeeku jettee kan ittin
arrabsitudha.”Gissee yagissee gissee migiraa”jedhu,margi diffaa jedhamu yoo haamuu dhiisan
migira hodhaa meeshaa mana keessaaf ta‟u margee nidheerata jettee ibsaa,”Saphii hin haaddatu
niitii hin saalfatu”jettu immoo gurbaan rifeensa qaama saala isaa cinaatti margee jiru haaddatee
hinbeeku, ati salphaadhaa, niitii isaa hin sodaatu isee biratti injiran keessaa funaanata.jechuun
walalootti fayyadamtee intalli heerumtu gurbaa fuudhuun arrabsiti.Arrabsoon akka aadaa
naannoo sanatti ittiin arrabsitee isa aarsuuf malee gurbaan dhuguma raawwatee miti.
Akka sirba arrabsoo gaa‟elaa ibsutti, bo‟oo jalqabaarratti intalli heerumtu”yaawarra keenyaa
maaf nama waamtu”jettu, gurbaafi maatii gurbaa tiffachuusheeti. kunis, cidhatti nama waamuu
keessan sirrii miti.”Farsoo hin baanettoo, daadhii bookattoo”jechuun ishee dhangaan qophaa‟e
hingeenye, maatiin gurbaa warra tahu miti, maaliif itti naheerumsiiftu yaada jedhu ibsa.”Nama
hintaanettoo sanyii doofattoo”jedhu, maatiin gurbaa kanaa fudhatama hin qaban, sanyiin isaanii
gowwaa, beekumsa hin qaban jechuun intalli gurbaa ishee fuudhuufi maatii gurbaa arrabsiti.
Walumaagalatti sirba arrabsoo gaa‟elatti gargaaramtee quuqaa garaa ishee keessa jiru ittiin
dabarfatti.
40
Akka odeef-kennitoonni jedhanitti, Yeroo hamaamonni qe‟ee warra intalaa gahan hiriyyoonni
intalaa akka gurbaan karra hin seenne ittisaan balbalqabaa jedhama.
Yeroo kana hamaamonni karra ala dhaabbatu.Hiriyyoonni intalaafi intalli heerumtu sirba
babalqabii shamarran gidduu dhaabbattee dibbee rukutuun akkas jechuun sirbitee arrabsiti.
Fakkeenya 15.
Akka aadaa naannichaatti hanga gurbaan qarshii kennuutti hamaamonni karra ol hinseenani.
Gurbaan fuudhu miinjee isaa gidduu dhaabbatee intala heerumtuuf qarshii kenna. Qarshii
gurbaan kenneefii qarshii abbaa kudhaniifi abbaa shantamaa yoo ta‟e irraa fuutee addatti
darbatti.Kun immoo qarshii xiqqachuu agarsiisa.Gurbaan fuudhuuf deeme qarshii abbaa dhibbaa
kaadhimaasaaf yoo harka mirgaan itti hiixatu isheen immoo harka bitaatiin hiixattee irraa
fudhachuuf jettu inni immoo dabaree isaa harka jalaa buta.Gurbaan dabaree isaa harka bitaan
intalatti hiixatu isheen qarshicha irraa fuudhuu dhiiftee sirba ishee ittifufti.(odkennittoota ibse)
Od-himtoonni adde Geexee Alamayyoofi Ayyantuu Nagariin akka ibsanitti, Yeroo gurbaan
hamaamota isaa wajjin qe‟ee warra intalaa gahaan shamarran walqabatanii dargaggeessa waliin
naanna‟anii sirba arrabsoo gaa‟elaa gurbaa fuudha dhufu qeeqaa nisirbu.Hamaamonni akka qe‟ee
warra intalaa gahaniin fardarraa bu‟anii dhaabbatu.Warri intalaa nama keessummeessituu
qopheesanii hamaamotarraa fardeen fuudhanii dallaa bakka fardeeniif qophaa‟etti galchanii
hidhuufi.Farda gurbaa fuudhuu obboleessi, warsaan intalaa irraa fuudhee hidhafi.
Kaadhimaafi miinjeen intalaa dhaabbatanii intala kaadhimaa gurbaa akka isatti buustuuf ishee
eegu.Kanaan booda yeroo isaan gara sirbaatti siiqan intalli heerumtu dibbee ishee qabattee
hiriyyoota durbaa baay‟ee jaallatu keessaa filattee ija kaadhimaaa ishee keessa ilaalaa sirba
arrabsoo gaa‟elaa balbalqabii akkas jechuun dibbee quba harkaan qanattee itti buustee arrabsiti.
41
Fakkeenya 16.
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa intalli heerumtu gurbaa ishee fuudhuufi hamaamota isa waliin dhufe
balbala dallaa fuuldura dhaabbachuun akka ol hinseenne taasisti.Kun akka aadaa duudhaa
naannichaatti kanuma beekamuudha.Bo‟oo tokkoffaarratti. “waayiluu koo walilaalla har‟a
yoona”kan jettuuf, yeroo mana keetti gallu durbummaa koo fudhattu walargina ana
hindandeessu, walbira geenyu durbummaa koo fudhachuu hindandeessu jettee dubbii cinaa
qabdee qeeqa qabdu ibsatti.Bo‟oo lammaffaafi sadaffaarratti “mulluun irbaata sifaan hilaaree”
kan jette of qusadheen nyaata rakasaa nyaadheen ofeegachaa ture,”har‟ohoo ijibbaata sifaan
hilaaree”jette immoo guyyaa ofqusadhee nyaata suuta suuta nyaachaan ture; qooqaan ture; inni
dhumaa har‟a si arrabsuuf hinqusadhu jechuun ergaa dabarsatti.”Hin ooltu har‟oo yoona”kan
jettuufii kaadhimaan dhufee dhaabbatu malee ol hinseentu,, har‟a akka durii osoo hin dhaabbatiin
hin galtu,jettee intalli heerumtu xiiqii itti qabatti.”Yaa eenyu hudduu faltii”jette, kaadhimichi
hudduun isaa qulqullina hin qabu jettee arrabsiti.Kun dhugaa jiru ibsu miti.“Re‟een tulluu hin
galtu” jedhu kaadhimaan yeroo fuudha deemu of miidhagse deema.Ati garuu ofmiidhagsitee
hinjirtu jettee arrabsiti.Xiiqii isheen qabatuus onnee keessaa madde osoo hintaane kanuma yeroo
muraasa gurbaa aarsitee booda dagatamuudha.Arrabsoon gaa‟elaa aadaafi duudhaa naannichaa
calaqqisiisuuf raawwatama malee dhugaa irratti hundaa‟ee xiiqii qabatu miti.Akkasumas yoo
arrabsoon cimatee wallolan kan isaan araarsu aadaa hawaasichaa ofuma isaanii nama tokko
malee araaramu.Garuu dhaloonni boodan dhufaniif barnoota ta‟a.
42
Fakkeenya 17.
Arrabsoo olirraa hubatamu intalli heerumtu ati sareedha, eenyuun tuffattee funyaan keetti
uffattee boonta jettee qeeqxi.”Kaleessoo kosiirra arreedda”kan jetteef, kaadhimaan ishee
kaleessa rakkatee nama kadhata har‟amoo oftuulta jettee ittin arrabsiti.”Beeddeefi gombisaa
dhaheen gombisa” jedhu, gombisaajechuun yeroo biddeena tolchan eelee irratti gombisan yoo
ta‟u, intalli, kaleessa rakkatta har‟amoo oftuulta si rukuteen si cabsee lafatti si dabala jettee
gurbaa qeeqxi.
Fakkeenya 18.
Bo‟oon tokkoffaa akka ibsutti,gurbaan fuudhu miidhagina dhaaba miilaa kan hinqabneefi rakkoo
miila isaa kophee naqatee dhokfatee jira.Bo‟oo lammaffaa hanga arfaffaa irratti kaadhimichi
qabeenya dhabee uffannaa mishirroo ergifatee fuudha akka dhufe ittin arrabsitti.Kanas uffannaa
ergifattee dhufte sana deebisee qullaa taata jettee qeeqxi.Bo‟oo shanaffaafi jahaffaa irratti yeroo
ganni roobu bishaan guutee margi lalisee biqile nama hawwata. Ati si‟aayina hin qabdu eessa
kee si jaju jetti.Atoo diqalaa “jedhu, haati kee osoo hin heerumiin mana warra isheetti si deesse
waan ta‟eef ati hanga anaa hin geessu jett qeeqxi.”Atoo iji ballaa, milli jallaa essa kee jaju jettee
arrabsiti.Arrabsoon hundi ta‟u kaadhimaan intalaa akka qaana‟ee qarshii balbalqabaa dafee akka
kennuuf jedhameeti.
Fakkeenya 19.
Gatiin balbala,
Dhibbaafi shantama,
Yeroo gurbaan fuudhu qe‟ee warra intalaa gahee farda irraa bu‟ee balbalatti siiqu shamarran
gurbaa arrabsaa turanii yoo inni dafee qarshii kennuu dide kan arrabsaniidha.Kunis,soddaa
tuffachaa hanga qarshii balbalqabaa itti himu.Akka aadaa Horrootti kaadhimaan fuudhu yoo
qarshii balbalqabaa kenne malee hamaamonni gurbaa waliin intala fuudhuu dhaqan mana warra
intalaatti ol hin galani.”Yaa soddee diida bultani” jedhu, seerri hanga raawwatamutti hamaamota
keessaa namni kamiyyuu ol galuu hin danda‟u jedhu ergaa dabarsa.Dadhabsiisoo meeqaan
44
jaarsolii biyyaa, ollan intala heerumtu sossobanii mucaarraa qarshii fuudhi jedhanii ishee
amansiisanii qarshii fuusisu.
Akka od-himtoonni aadde Baliyyee Adulaafi Geexee Alamayyoo ibsanitti erga hamaamonni alaa
ol galanii maatii mucayyoo heerumtuun affeerran raawwatama.Maatiin intalaa nyaataafi
dhugaatii hamaamotaaf kennu.Akkuma nyaata jalqabaniin, shamarran garee intalaa heerumtuu
akka isaan dhaga‟anitti bakkee dhabbatanii akka hamaamonni nyaata jibban taasisuuf isaan
arrabsu.Kunis, akka nyaata qophaa‟e jibbaniif, jechoota garaa namahammessaniifi fidhii nyaataa
hingodhanne, kaadhimaafi hamaamota arrabsu.
Fakkeenya 20.
raammoo yaashee guggurraatti, afaan isaa keessa bubburraqxi”jedhanii akka garaa isaan
hammeessee nyaata jibban taasisu.
Fakkeenya 21.
Sirba arrabsoo gaa‟elaa keessatti hamaamonni kaadhimaa intalaa bareechanii fidani mana warra
intalaatti arrabsuun akka aadaa naannichaatti beekamaadha.Arrabsoo kana keessatti yoo namni
walitti bu‟es kanaraarsu aadaa‟uma kana ta‟a.Kanaaf, kaadhimaafi hamaamotaaf affeerran
nyaanniifi dhugaatii yommuu dhiyaatu shamarran isaan arrabsanii akka garaan isaanii hammaatu
taasisuun naannoo sanatti waanuma baratamedha.”Hirmii hirmii maaf nyaata hirmii”jedhu, akka
aadaa naannoo kanatti firri yoo du‟e, sabni Oromoo osoo hirmii hin tufiin nyaata hin
nyaatu.Osoo firri isaa du‟e beekuu hirmii hin tufiin nyaate akka dhiiga firasaa nyaatetti
lakkaa‟ama waan ta‟eef hawaasa biratti fudhatama hin qabu.Sirba kanarratti nyaatni hirmiidha;
hinyaatiin jettee garaa isaan hammeessuun isaan arrabsiti.”Hammaartee hinluudatiin “jedhu akka
aadaafi duudhaa naannoo Horrootti soddaan yeroo mana warra niitii isaa dhaqu nyaata yemmuu
nyaatu naamusa isaa eegatee nyaachuu qaba.Garuu, arrabsoo kana keessatti gurbaatiin suuta
xiqqeessi nyaadhu ofii kee ganna yoo baate, obboleetti keenya ganna hinbaaftu jettee qusannoo
barsiisuun arrabsiti.
46
Fakkeenya 22.
Od-himtoonni aadde Ayyantuu Nagariifi Geexee Alamayyoo akka jedhanitti sirbi arrabsoo
gaa‟elaa olan darbaa soddee arga jechuun akka aadaafi duudhaa naannoo kanaatti yaadrimee
intalli kaadhimaafi miinjee waliin walbaruu ofkeessaa qaba.Adeemsa kana keessaatti kennaan
qarshii gatii dibbee kennamu jira.Qabeenyi kaadhimaa qarshii inni gatii dibbee kennu kanaan
madaalama.Kana keessatti intalli heerumtu shamarran sirba arrabsoo sirbuuf dandeettii qaban
filattee gara gurbaan taa‟utti ol dabartee kaadhimaa fuuldura dhaabbatanii arrabsuu eegalu.Sirbi
arrabsoo kunis akka armaan gadiiti.
Hiikkoon arrabsoo olii bo‟oo tokkoffaa irratti Harooressi ulee baay‟ee jabaataa hawaasni
naannoo Horroo qabannaaf itti gargaaramudha.Sirba arrabsoo olan darbaa keessatti intalli
heerumtu jalqaba mararreen bakka gurbaan taa'eetti ol seenanii booda gara arrabsootti galu. Yaa
obboo koo ilma sooressa ol gara gurbaatti nu dabarsaa jedhanii eeyyama gaafatu.Horro kan
jetteef biyya obboleessa isheeti.Bo‟oo arfaffaafi shanaffaan gurbaa hamtuu sooressa Horroottiin
arga na dabarsi jedhanii dursanii beeksisu.Kun kan hubachiisu sirba arrabsoo gaa‟elaa keessatti
walkabajuu nimul‟isa.Intalli heerumtuufi hiriyyoonni ishii yeroo intalli sooree seentu
kaadhimaafi miinjoliin ishee ka‟anii dhaabatanii simatu.Yoo isaan ka‟uufii didan intalli aartee
farsoo yookaan bishaan gurbaatti dhangalastee qaanessiti.yookaan immoo obboleesssi intalaa
alangaa itti kennee akka isheen rukuttu taasisa.Sababiin isaas akka gurbaan intala tuffatetti waan
ilaalamuuf gochi kun raawwatama.Kun hundi hawaasa naannoo kanaa biratti hiika mataasaa
qaba.Aadaafi duudhaa naannoo kanatti raawwatamu keessaa iddoo guddaa qaba.kanaaf jecha
intalli heerumtu hiriyyoota ishee waliin yeroo gara gurbaa deemtu ishiifi maatii ishii kabaja qabu
agarsiisuuf ol ka‟ee isaan simata.
4.2.4.6. Sirba Arrabsoo Guyyaa Cidhaa Gurbaan Gadi Bahee Durba Ilaalu
Akka aadde Baliyyee Adulaa ibsitetti gurbaan fuudhuu guyyaa gaafa cidhaa miinjoliifi
hamaamota waliin shamarran qe‟ee warra intalaatti guyyaa gaafaa cidhaa sirban ilaaluuf mana
warra intalaatii gadi bahee nidaawwata.Yeroo kana intala inni fuudhu hiriyyoottan ishee waliin
bakka inni dhaabbatee durba daawwatu dibbee qabattee deemtee isa arrabsiti.Sirba arrabsoo
gaa‟elaa keessatti gochi akkasii itti buusuu jedhama.Arrabsoon kunis akka armaan gadiiti.
Fakkeenya 24.
Si bareechuufoo
Akka sirba arrabsoo gaa‟ela kanaatti “kan durba ilaalu marga lafaati”jedhu, kan durba ilaalu
baay‟eedha jechuu isaaniti.”Kan fuudhee bulchatu dhala namaati”; namni niitii bulchatu safuu
hawaasaa eegu, qalbiifi amala gaarii qabu ta‟uu hubachiisti.”Hamaamonni kee dhufa si saamu, si
bareechuufoo, gala si yaabu si gadheessuufoo”jedhu, hamaamonni yeroo dhufaa jiran fuuldura
kee adeemu si bareechuuf yeroo galaa garuu si yaabu, saalquunnamtii si faana taasisuu jettee
qeeqxi.Hamaamonni yeroo gara mana gurbaatti deebi‟anii gala jiran dhuganii machahanii hojii
naamusaa ala akka hin hojenne dursanii sirba arrabsoon hubachiisu.
Miila dhiquukoo,
Bitaa rafuunkoo….jetti.
Akka sirba arrabsoo gaa‟elaa kanaatti,”Ulee ulumaayii naaf murta seetee hinqabatinii” jedhuun,
ulumaayiin akaakuu mukeenii keessaa tokko ta‟ee, ilkaan ittiin rigachuudhaaf tajaajiluu
urgawwaa foolii toleessa qabudha.Akka aadaa naannoo Horrootti dargaggoonni
namootajaallataniif kooti jedhanii muranii kennaniidha.Akkasumas, mukni Ulumaayii gurbaan
tokko niitii fuudha yemmuu adeemu hamaamotaaf harkatti kennamuudha.Irra keessoo ishee
jaalala kaadhimaasheerraa akka hin qabane ibsiti.”Gaanfuree aayyoo naaf bultii seetee hin
abdatinii”jedhuun, intalli heerumtu itti aaddachuun haadha manaa siif ta‟ee sifaana hinjiraadhu
jettee gurbaa fuudhuun abdii kutachiifti.As irratti isaan alatti filannoo biraa akka qabdu itti
himuun akka inni aaru taasifti.”Miila dhiquunkoo, bitaa rafuunkoo”jettee seera uumamaafi aadaa
naannoo cabsuuf filannoo biraa barbaaddi.
49
Akka barmaatilee naannoo kanatti dubartiin abbaa manaashee miila nidhiqxi.Akkasumas, yeroo
taa‟umsaas ta‟e, yeroo siree irra rafaan dubartiin cinaacha bitaa dhiiraa rafti.Raawwii kana
immoo uummata Oromoo biratti uumamatu dangessa jedhamee amanama.Akka aadaafi duudhaa
hawaasa Oromoo aanaa Horrootti dhirsaafi niitii gidduu namni hin taa‟u.Akkasumas, niitiin
karaa bitaa,dhirsi immoo karaa mirgaa taa‟a.Yemmuu rafanis akkasuma.Yeroo karaa deemanis
namni gidduu dhirsaafi niitii hin darbu. Kun hundi dhalootarraa dhalootatti daddarbaa waan
dhufeef Oromoo biratti kabaja guddaa qaba.
Akka haadholiin jedhanitti, mana warra intalaatti eebbi intalaafi gurbaa erga raawwatamee booda
sirbi arrabsoo karaa hiriyyoota intalaa sirba ho‟isanii hanga isheen gaangee kortutti itti fufa.Sirbi
arrabsoo kunis akkas jechuun arrabsu:
Hurriisheehoo namanyaachuufoo
Akka sirba arrabsoo gaa‟elaa olii kana irraa hubatamutti shamarran hiriyyoonni intala heerumtuu
yemmuu isheen eebbifamtee bahuuf jettu gurbaa ittiin arrabsaniidha.Hiikkoon arrabsoo kanaa
maatiin intalaa kan dalaga beekan,gaagura hojetanii dammaa irraa argatanii itti fayyadaman
50
yemmuu ta‟u,maatiin gurbaa garuu,budaa kan nama nyaatan,akka waraabessaa kan yuusaan,foon
namaa hin nyaatamu hirmiidha;si haa nyaatu rirmii jechuun gurbaa arrabsu.
Akka od-himtoonni haadholiin ibsanitti gundoo booree jedhamu gundoo xiqqoo migira irraa
bifan kuulamtee miidhagdee hodhamtuudha.Intanla heerumtutu hodhee qopheefata.Irra caalaatti
akka aadaa oromoo Horroottiittiin arrabsamu waarsaa intalaafi hamaamotadha.
Sirbi gundoo booree akka aadaa Horroo Guduruutti hiriyoonni intala heerumtuu hamaamonni
yeroo intala fudhatanii gauuf ka‟an seerri gundoo booree nigaggeefama.Aadaa gundoo booree
sirna kaadhimatanii fuudhuu keessatti gaheefi hiika guddaa qaba.Gundoo booreen sirba durbi
gundoo gidduu isaanii kaawwachuun itti naanna‟anii sirbuun waarsaa yookaan jabbi dhootuu
ittiin arrabsanii cimina isaa ilaalaniidha. Yoo cimaa ta‟e tokkummaa isaanii diiguun gundoo
booree fudhata.Yoo hamaammoonni fudhachuu dadhaban lolakaasanii fudhatanii galu illee
malee gundoo booree dhiisanii deemuun qaaniidha.Yoo shamarran sirbaa jiran gidduu seenee
fudhachuu sodaate immoo gundoo yommuu dhiisee galuuf jedhu, mallattoo tuffiin gundooerga
hamaamonni intala fudhatanii deemanii duuban itti darbatu.Sirbi arrabsoo gundoo boorees akkas
jechuun sirbama:
Shamarran gundootti naanna‟anii cimsanii walqabatanii akka nammni gidduu isaanii hin seenne
taasisanii sirbu; waarsaa arrabsu.Gundoo booree kana keessatti fuulaa fuulatti hamammoota
51
ilaalaa arrabsaa; sirna kadhimatanii fuudhuu galmaan gahu.Kana jechuun sochii qaamaafi
taatewwan iddoo gundoo booreetti raawwatu duudhaa gundoo booreen qabu dabarsu.
Kanaafuu, arrabsoon gundoo booree tokkoo tokkoon isaa hiika mataasaa qaba.Bo‟oo
tokkooffaarratti “yaa fuutuu eenyu abbaan gundoo booree fuutu” jechuun ,sodaataan gundoo
booree fudhachuu hindanda‟u; Yaa waarsa atillee dhuftee hinfuutuu”kan jedhu, namni gara biraa
kan dhufee fuudhu hinjiru waan ta‟eef atillee maaliif dhuftee hin fuutu jedhanii akka aadaafi
duudhaa naannicha sanaatti ergaa qaban dabarsu.” keessoo dhiirri hinjiru nadheen malee”kan
jedhaniif akka naannichaatti yeroo baay‟ee sodaattuun nadheen jedhamee beekama.Kanaafuu
hamaamota kana keessa kan nutti dhyaatee gundoo booree fuudhu hin jiru hundi isaanii
sodattuudha jechuun tuffii qabaniin ittiin arrabsu.”Gurri waarsaa dhiiftee galtamooree”jechuun
osoo dhuguma waarsaa taate gundoo booree osoo hin fuudhiin hingaltu ture jechuun
arrabsu.Seera jiru baasuuf waarsaa taate malee, osoo hin fuudhiin galtamoo akkam taata? Durbi
obboleessa gurbaa fuudhuu arrabsiti.
4.2.5. Sirba Arrabsoo Gaa’elaa Yeroo Gurbaan Intala Fuudhee Galu Balbalqaba Qe’ee
Warra Gurbaatti Sirbamu
Akka odhimttiinni jedhanitti, qe‟ee warra gurbaatti akkuma guyyaa sirban faarsaa gaggeessan
borumtii galgala yeroo inni intala fidee dhufus sirbanii simataniidha.Ergaa inni mana gahee
booda gurbaafi maatii isaa yemmuu faarsan intala immoo niarrabsu.Arrabsoon aadaafi duudhaa
jiruufi jireenya hawaasichaa waliin waiqabsiisuun qeeqa qaban dabarfatu.
Arrabsoon intalaa heerumte guyyaa gaafa mana isheetti gurbaa fuudhu sana arrabsaa turteef,
amma immoo dabareesaa hiriyyoonniifi obboleettiin gurbaa dabaree isaanii kan ishee arrabsanii
dha.Arrabsoon kun waan badaa yookaan hammina biraa yaadaniitti miti.Gababumatti sirboonni
kun wanti isaan agarsiisan mana maatii intalaatti waan gurbaa mudateef gammachuu gaafa
cidhaa kan isaanitti dhagahame kan ittiin ibsaniidha.Sirba arrabsoo gaa‟elaa gurbaan intala
fidhatee qe‟ee gurbaatti sirbamu kun balbalqabii jedhama.
Babalqabii jechuun aadaa kadhatanii fuudhuu keessatti yeroo hamaamoteen intala fidanii dhufan
hiriyyoonnifi obboleettiin gurbaa balbala irra dhaabatanii akka ol hin seenne weeddisuutiin karaa
52
cufanii intala arrabsaniidha.Obbolawwan gurbaa warri sirban waan gaafatan qabu.Kunis gurbaan
fuudhu obboleettii isaaf qarshii yookaan goromsa yoo kenne malee ol hindabarsan jechuudha.
Akka haadholiin jedhanitti, sirbi simannaa mushurraa intalaaf warri gurbaa, haadholiin sirban
nijira. Sirbi kunis, akka aadaafi duudhaa Horroo Guduruutti haati gurbaa aannan afaaniitti
habbuqattee itti biifaa hori, cophi dhala godhu jechaa, mushurraan hin ariifatin jechuudhan intalli
heeruma dhufte akka hin sodanne akka hin qaanofne ishee jajjabeessaa,isa intalli qe‟ee
maatiisheetti jala bultiirraa eegalee maatii gurbaa arrabsaa turte erga walhubachiisanii booda
haala armaan gadiitiin intalatti himu:
Ulee bituu
Hindeebituu
Hindeebitu intalee suutuma deemii jedhanii haati gurbaafi gayyoonni isaa ittiin intala
hubachiisan gara maatii keetti kana booda hindeebitu asumatti waan haftuuf hin ariifatiin suuta
jedhii deemi jedhu ergaa dabarsa.
Akka aadaa Horrootti intala heeruma dhufte durbummaa dhabuu ishee yoo shakkan waan ittiin
jedhanii arrabsan akka armaan gadiitti arrabsu.Sirba arrabsoo gaa‟elaa kana bifa walalootiin
dhiyaatee waa‟ee intalli durbummaa fiddee dhuftee moo gattee dhuftee jedhanii ishee qeequ.
Fakkeenya 29.
Sirba arrabsoo balbalqabii mana gurbaa yemmuu intala arrabsan kana keessatti bo‟oo arfaffaa
irratti kan argamu:”mi‟a obbookoo” jedhu durbummaa bakka bu‟a.Fiddee dhufteemoo balle
essitee dhuftee jedhaniin durbummaa qabdamoo gattee dhuftee? Yoo fiddee dhufte kabaja qabda,
yoo dhiiftee dhufte garuu ni salphata jechuun ergaa dabarfatu.Akka aadaa hawaasa Oromoo
Horroo Guduruutti shamarreen heerumtu tokko durbummaa ishee eegdee heerumuun
dirqamadha.Yoo durbummaa hin qabdu ta‟e garuu qaaniifi salphinatu ishee eegata.Bo‟oon gara
dhuma faalloo siin jenna faalloo ishee booddee hiriyyaa ijoollee kan jedhanii intala arrabsuun
intalli kun ijoollee waliin kan sagaagaltuu jechuun quuqqama qaban dabarfatu.
Walumaagalatti sirba arrabsoo armaan oliitti dhiyaate kun irra caalaa waa‟ee durbummaa intalaa
ibsa. Kun immoo yoo intalli durbummaa qabaate jaalatamtu taati.Yoo ta‟uu baate garuu
niarrabsamti.
Balbalqabii mana gurbaatti intala fidanii yemmuu dhufan obboleettin gurbaa intala sayyuu ishee
hanga gurbaan obboleettii isaaf qarshii kennuutti ol hin seensistu.Obbolettiin gurbaa intala
gurbaan fuudhee gale dabreeshee akka isheen ol hin seenne balbalatti ittisti.Sirbi sayyuu ittiin
arrabsanis akka armaan gadiiti:
54
Fakkeenya 30.
Balbalqabii irratti intala gurbaan fuudhee dhufe maqaa intalaa waamanii ishii arrabsu. Intala
maqaa dhahanii arrabsuu tokko tokkoon isaa hiika mataa mataasaanii qabu.Jecha uramtittii
jedhanii isaan arrabsan ati durbummaa hin qabdu jedhanii tiffachuun ishee arrabsu.Akka aadaa
Oromootti sirbi gaa‟elaa safuu guddaafi kabaja kan qabudha. Birhaanuu (2003:f.47-48).
Erga kana jedhanii baay‟ee balbala gubbaa dhaabanii booda gurbaan qarshii yookaan goromsa
obboleettii isaaf kennee eeyyama argatee ol mooraa dallaatti seenu.Ergaa mooraa dallaatti ol
galanii booda abbaan gurbaa re‟ee yookaan hoolaa qalee mucaasaa isa dhiiga horii sana quba
harka isaan adda tuqee „adda godhu‟jedhee eebbisa.Intalaa gurbaan fuudhee dhufeen immoo
qubaan dhiigacha tuqee morma isheerra tuquun lubbuu dheeradhu jedhee eebbisa.Eebbi kun erga
raawwatee booda mushurroonniifi hamaamonni gara manaatti ol seenu.Hanga dhumaatti osoo
adda hin bahiin kaayyoo isaanii galmaan gahanii akka jiraataniif, akkasumas,qabeenya walitti
horatan,maatii godhatanii sanyii akka baay‟atanii akka jirataniif, hawwii gaarii qabaniif eebbisu.
Wlumaagalatti sirba arrabsoo gaa‟elaa keessatti obbolleettiin gurbaa kan balbala qabattee sayyuu
ishee ol akka hin seenne ittistu Horroo keessa aadaa beekamaa waan ta‟eef obboleessi ishee
hanga qarshii kennuufiitti ol hin dabarsitu.
55
4.2.5.1. Sirba Arrabsoo Gaa’elaa Qe’ee Warra Gurbaa Guyyaa Cidhaa Galgala Intala
Ittiin Arrabsan
Akkuma olitti ibsuuf yaalame intala heeruma dhufte erga walitti gadhiisanii yoo osoo
durbummmaashee hin fudhatiin ture ittiin arrabsaniidha.Kunis namoota biratti shakkii isheen
durbummaa hin qabdu yookaan gurbaatu dadhabe waan jedhamu nijira.Kanaaf, akka aadaa
Horrootti intala heeruma dhufte durbummaa dhabuu ishee yoo shakkan waan ittiin jedhanii
arrabsan akka armaan gadiitti waljalaa qabuudhaan naanna‟anii geengoo uumanii intala arrabsu.
Arrabsoo kunis bifa weedduun dhiyaatee waa‟ee intalli durbummaa fiddee dhuftee moo gattee
dhuftee jedhanii ishee qeequ
Fakkeenya 31.
Intaleen rakkatteetti,
Jedhanii sirbuun gurbaa intalatti kakaasu.Intalli immoo akka isheen sodaattuuf doorsisu.Haaluma
kanaan miinjoliin intalaas gorsa ishee barbaachisu gorsu, gurbaas akeekachiisuun akka inni
dhaqee intala quunname durbummaa fudhatu itti ergu.
Gurbaafi intalli yoo tarii dafanii waan seeraa duudhaa jiruu raawwachuu baatanii barfatan:
shamarraniifi dargaggoonni akka durba taatefi hinta‟iin addan baasuuf weedduun ergaa
dabarsu.Yeroo sirni durbummaa raawwatu warri diidaa sirban armaan gadii sirbu.
Fakkeenya 32.
Kana jechuun maaliif qorra keessatti nufixxu,nutoo isin eegnee dadhabne jedhanii sirba kanaan
ergaa qaban dabarfatu.Ulee waatilee caccabde jechuun ulee jabbootaa caccabe jechuudha.Nutoo
waarinee dadhabnee kan jedhaniif ,akkuma aadaafi duudhaa Horroo guduruutti gurbaafi intala
walitti gadhiisanii ilaalu.Kun immoo ergaan isaa halkan sirbinee dadhabne maaliif waan qoodaa
raawwatanii garaa nukkuttan kan jedhan ergaa cimaa dabarfatu. Obboofi obbolee waadhibee hoo
jechuun gurbaafi intala waan isaan rakkise jira;waa malee walirra hin turre jechuun isaan
qeequ.Obboo koo hindhibne obbolee dhibnaan waarinehoo kan jedhaniifii immoo rakkinni gara
gurbaa miti,gara intala kanaa rakkinni jira jechuun qeequ.Kana irratti shammarran shakkii lama
qabu.Inni duraa isheetu durbummaa fiddee hindhufne isa jedhu yommuu ta‟u,inni lammaffaa
gurbaatu durbummaa fudhachuu dadhabe yaada jedhuun qeequ.Dhumarratti waan mana gurbaa
taheef rakkoon gara intalaa akka jiru ittiin arrabsu.
Yoo intalli durbummaa qabaattee gurbaan mallattoo ibsannaa gummachuu isaa rasaasa qawwee
keessa godhatee dhukaasa.Gurbaan yeroo kana raawwatee booda amaatiin intalaa yookaan
sayyuun intalaa gara caagulaa deemanii intala gaggabdee jirtu dhadhaa afaan afaanshee dibuun
mallattoo gammachuu sagalee ilillee dhageessisu.
57
4.2.5.2. Hansoosillee
Sirbi kun sirba erga gurbaan intala quunnamee deebi‟ee intalli durbummaa qabaattes,dhabdes
kan sirbamuudha.Yoo intalli durbummaa hinqabdu ta‟elle qoodumaaf yookaan yeroo gabaabduuf
sirbuun dirqamadha.Yeroo xiqqoof sirbuun isaanii seeruma guutuuf malee gurbaaniifi maatiin
gurbaa intalatti gammadoo miti.Karaa biraamoo,shamarraniifi dargaggoonni dhiiraa halkan sana
sirbaa buluun intala akka durbummaa qabduuf kaan mallattoo tokko tokkoon adda baafatu.
Mallattoon kunis yeroo rasaasni dhuka‟ee intalli durba jechuun sirbanii ishee faarsu.
Akka od-himtoonni jedhanitti, yoo rasaasni hindhuka‟iin ture intalli akka durba hintaane waan
beekaniif sirba arrabsoo sirbuun ishee arrabsu.Gurbaan fuudhee galee alangaa roobiin dirra dirra
isheerra reebuun intalli heeruma dhufte gadi baatee akka farsoo keessummotaaf buuftu taasisa
Kun immoo, ijoolleen durbaa gara fuulduraatti kadhatamtee heerumtu akka durbummaa ishee
eegatu taasisafidha.Durba durbummaa osoo hinfidiin dhuftee akkas jechuun arrabsu.
Durbi durbaaree
Yeroo kana isheen gurbaa waliin taatee caagulaa teessee dhaggeeffatti.Walaloon bo‟oo tokkoffaa
irraa kan jiru hiddiin mukaaree jechuun Hiddiin hanga mukaa hinjabaatu muka keessaa muka
yartuu jechuun ishee arrabsu.Durbi durbaree kan qabdoon uru,yoo jedhan immoo ulaagaa durbi
guuttuu qabdu hin hinguunne hiriyyaan kee yookaan qabdoon keef inni dhiirri durbummaa kee
kennatteefii dhufte jechuun jibba intalaaf qaban dabarsu.Kanumaan walqabsiisanii durbi mana
warra isheetti gaa‟ela dura walquunnamtii saalaa raawwachuu eegaltee shamarraniifi
dargaggoonni dhiiraa akkas jechuun arrabsu.
Fakkeenya 34.
Jilba naqabannaan
58
Boo‟ee namararraan
Shamarran sirba arrabsoo kanaan intala yommuu arrabsan amaatiifi abbiyyuun intalaa
gammachuu hin godhatan.Sababiin isaas akka aadaa naannichaatti shamarraniifi dargaggoonni
haala kanaan yemmuu arrabsan ergaa cimaa qaba.Hima tokkoffaan maal maal jettee boossi
isheenoo jechuun isaanii durbi yemmuu heerumtu durbummaa hin qabne abbaa manaa isheen
alangaan garafamti.Weelistoonni kun kana waan beekaniif,maalfaa jettee boossi,silaa bo‟ichi
ishee hinhafu jedhanii bifa weedduun intala qeequ.Jilba naqabnnaan kan jettu nasossobate
jennaan garaa laafeen durbummaa koo kenneefii jettee boossi isheenoo jechuu isaaniiti.Qoraan
naafalaxaan,boo‟ee namararraan kan jettee immoo garaa nalaaffifachuuf jedhee qoraan naaf
falaxe.Kanaaf namararree durbummaa koo kenneef jettee boossi jechuun ishee qeequ.
Yaada kana deegaruun boqonnaa lama sakkata‟aa barruu keessatti akka ibsametti: Nagarii
(1995:24) Claude Summer (1997) wabeefachuun yaaddoon maatiirraa adda bahuu qofa miti.
Qarree dhabuufi dhiibbaan gara dhirsaatiin ga‟uuf jirus kan yaadessan keessaa kanbiroodha.
Kana hunda walaloo tarreessanii obbolaan gurbaa intala ittiin arrabsan kana irraa hubachuun ni
danda‟ama.
Akka jaarsoliin jedhanitti,uummata Horroo biratti durbummaan iddoo guddaa qaba.Kanaaf durbi
heerumtu durbummaa hinqabne abbaa manaa ishee,maatii gurbaa birattiifi hawaasa keessatti ni
tuffatamti.Haala kanaan bifaafi harma ishee ilaalanii durba ta‟uuf hin taane ishee kan adda baasu
danda‟u jira.Harmaan walqabsiisanii akka isheen durba hintaane yeroo weeddisanii arrabsan
akka armaan gadii jedhu.
Manni fardeenii
Sussuuqnaan malee
59
Akka nadheenii
Sirbi armaan olii kun intalliifi gurbaan walquunnamtii saalaa raawwatanii booda shamarran sirba
intalli akka durbummaa hin qabne erga baranii booda kan sirbaniidha.Akkuma ragaa kanarraa
hubachuun danda‟amutti,kana jechuunis intalli akka durbumaa hinqabne ibsu.Ergaa weedduu
kanaa,manni maaf jigee,manni fardeenii sussuuqnaan malee jechuun,osoo mana fardeenii
sussuuquu baattanii hinjigu ture.Amma garuu waan sussuuqqaan itti baay‟ateef itti ulfaatee jige;
jedhanii ibsu. Harmi maaf jige akka nadheenii sukkumnaan malee jedhanii arrabsuun; harmi
durbaa nidhaabbata; kankee garuu, akka dubartii deessee jigee jira; jedhanii akka intalli
durbummaa hin qabne ishee qeequ.Sukkumnaan malee jechuun osoo heeruma hindhufiin dura
dargaggeessa waliin walitti dhiyaatta; dhiira wajjin quunnamtii gootee jirta waan ta‟eef akka ati
durbummaa hinqabne harmi keeyyuu nihima jechuun qeeqa guddaa dabarsu.
Kanaaf, sirbi armaan oliiyoo intalli durbummaa dabde ittin arrabsaniidha.Sirba kana keessatti
hawaasni naannoo kanaa durbummaaf kabaja guddaa kennu ta‟uusaa agarsiisa. Intalli sun
durbumma yoo dhabde maatii gurbaafi maatiin ishee akkasumas hawaasa naannoo biratti ulfina
hinqabdu jechuudha.
Missiraachuu/Gammachuu/
Durbi heerumte durbummaa ishee eeggattee guyyaa heeruma ishee yoo durba taatee argamte
gurbaafi maatii gurbaa biratti gammachuudha.Maatiin ishee itti boonu, itti gammadu,
gurbaanbaay‟ee gammada, jaalala umurii guutuu isheef qaba; intallis akkasuma gammaddi; ofitti
boonti.Intalli heerumte durbummaa godhatte dhabdes sirna gaa‟elaa keessatti miinjoliin mana
maatii intalaa deebi‟anii deemuun aadaadha. Aadaan kunis kan miinjoliin guyyaa cidhaa bulee
gara mana maatii intala dhaqanii gammachuu ishiin durba ta‟uu ishee ibsu kun missirachuu
jedhama
60
Maatiin seeraan guddisuu isaanii ibsu huccuu adii marrabii harkaa irratti dhiiga mallattoo
durbumaa agarsiisuun kennaa qarshii yookaan goromsa fudhatu.Sirbichas akkas jechuun
gammachuu qaban ibsatu.
Fakkeenya 36.
Sirbi hansoossillee fuudhaafi heerumaa keessatti kabajaafi hiika cimaa ta‟e qaba.Sirba
hansoossillee keessatti wanti hubatamuu qabu, muccayyoon sun yoo durbummaa qabaatte kabaja
guddaa qabduufi sanyii gootaa ta‟uu isheetu yoomessa kaadhimatanii fuudhuu keessatti hiika
cimaa qabaachuusaa sirba hansoossillee kana irraa baruun nidanda‟ama.
Walaloon bo‟oo sadaffaafi arfaffaa irratti argamu haadhoo dhiiraa,haadhoo durbaatu waree
deebise jedhanii intalaafi maatii intallaa faarsu.Akkasumas, bo‟oo shanaffaafi ja‟affaa irratti
argamu xaafii gamaa sanyii namaatu waree deebisee jedhanii faarsuun maatii intalaa sanyii
namaa keessaa warra guddaa keessaa dhalatetu qulqullummaa ishee eegattee warra ishee
kabajchisiifte jedhanii shamarraniifi dargaggoonni dhiiraa intala faarsu.Xaafii goodaa sanyii
gootaatu waree deebise jechuun,aadaa uummata Horroo biratti gootummaan iddoo guddaa
61
qaba.Kanaaf namni goota ta‟e hawaasicha keessatti iddoo olaanaa qaba.Kanaafuu shamarran
Oromoos jajjabeessuuf gootatti fakkeessuun cimina agarsiisu.
Utubaa quncisuu
Wareen deebisee
Gindillaa tarsaasee
Walaloo bo‟oo sadaaffa irratti durba abbaan guddisu jedhaniif abbaan intalaa seera qabeessan
guddisuu isaa dinqisiifatu.Kun agarsiisu intalli abboommii abbaa isheen waan guddatteef
eenyummaa ishee kaadhimaa isheefi amaatii ishee, akkasumaas maatii gurbaa waan gamma
chiifteef hiriyyoota gurbaan faarfamti.Haaluma kanaan yoo intala durbummaa qabaachuun ishee
mirkanaa‟ee faarsuu ishee jajjaa besuufi sobanii intala hamachaa turan salphisu faarsu.Faaruun
kunis, hansoossillee ta‟ee akkaataa kanaa gadiin dhiyaata.
Alaltuunoo nigogdee
Hamattuunoo nisobdee
Jedhanii jaalala intalaaf qaban ibsu.Sirbi kun sirba gammachuu ta‟ee,gammachuu kanaaf karaa
ittiin diina intalaa qaanessan ibsatu.Alaltuunoo nigogdee isheen bishaan keessaa jechuun,mukti
alaltuu jedhamu kan bishaan keessatti biqilee ture nigogee jechuun dhimma bahu.Hamattuunoo
nisobdee isheen buna keessaa kan jedhan intalli osoo hin heerumiin dura yeroo mana warraa jirtu
isheen durbummaa hinqabdu jedhanii yeroo buna ollaa waliin dhugan hamatan sobdoota ta‟uu
isaanii ittiin ibsu jechuudha.Kunis,guyyaa cidhaa galgala gurbaafi intala walitti gadhiisanii
walquunnamtii saalaa raawwatanii booda yoo gurbaan durbummaa argate gammachuusaa
rasaasa dhukaasa.Yeroo kana hiriyyoonni gurbaa dargaggoonni dhiiraa hamattuun buna keessaa
maqaa intalaa balleesite nisobde;isheenoo durba durbummaa qabdudha jechuun ishee faarsu.
Akkaataa kanaan sirna naqatanii fuudhuu erga hansoossilleen sirbameen booda miinjoliin
bariituusaa gammachuu missirachoo gara mana maatii intalaa sirbaa deemu.Maatiin intalaas
missirachoo akka dhufan waan beekaniif nyaataafi dhugaatii qopheessanii eegu.Miinjoliin mana
maatii intalaa dhaqanii gammachuu isaanii agarsiisuuf dhiichisanii lafa dhiitanii hansoossillee
sirbu.Sirbi isaan sirban hansoossillee mana gurbaatti sirban irra deebi‟uun mana intalaattis
sirbama.
Erga sirbanii booda nyaataafi dhugaatiin isaaniif kennama.Miinjoliin yeroo kana mallattoo
durbummaa maarrabii huccuu adii irratti dhiiga qabu mirkanneeffannaa intala isaanii durba taate
jilba abbaafi haadharra kaa‟anii gateettiifi jilba gadi jedhanii dhungachuun kennaan akka isaaniif
kennamuuf gaafatu.
Amaatiifi abbiyyuun gurbaas intalli keenya nugammachiifte, nakabajejee asiin geese jechuun
gatii gammachuu isaanii qarshii hamma ta‟e miinjoliidhaaf kennu.Haala kanaan miinjoliin
hansoossillee sirbaa gara mana maatii gurbaatti deebi‟u.Miinjoliin qarshii walitti qaban kana
deebisanii gurbaafi intalaaf addaan hiru.
Akka odeef-kennittoonni jedhanitti, sirbi guyyaa miinjee deebii qe‟ee warra intaatti sirbamu isa
xumuraati jedhu.Mushurroonni walfuudhanii mana warra gurbaa torbaan lama erga turanii booda
miinjee deebii gara mana warra intalaa deemu.Horii qalmaa dibicha yookaan hoolaa akka
qabeenya isaaniitti qabatanii galgala deemu.Akkasumas, nyaata akka daabboo, qoriifi Araqee
fudhatanii dhaqu.
63
Soddaan fuudhe gara warra intalaatti deebi‟ee deemu gammachuu isaa abbaa, haadha, firootafi
warra ollaa dhungachuun haala itti gammachuu isaa ibsatuudha.Aadaafi duudhaa kana keessatti
hamaamonni muraasaafi miinjeen waliin deemuun miinjee deebii kana irratti qooda nifudhatu.
Sirbi guyyaa kana sirbamu hiriyyoonni intalaa guyyaa jalabultiidhaa hanga guyyaa gaafa
cidhaatti gurbaa fuudhuufi firoottan isaa, akkasumas hamaamota qe‟ee warra intalaatti arrabsaa
turan sirba walitti isaan araarsu danda‟u sirbama.Sirbi dhumarratti qe‟ee warra intalaatti yaada
araara qabuun golobamu akka armaan gadii jechuun sirbama.
Sirbi armaan olii shamarran walalootti gargaaramtee araara gaafattu mul‟isa.kunis bo‟oo
tokkoffaa keessatti”yaa lolaa lolaa gannaa”jechuun ishee roobni cimaan yoo ganna robe yaa‟ee
darba malee nama hinmiidhu.”Yaa gurbaa maaf lolaan hafnaa”jechuun ishee lolaan hafuun hin
barbaachisu,”Qamalee qallee moora ilaallannee, hooda gaafanne araaramna.“Jechuun araara
gaafatti.Kana jechhun akka aadaa Oromoo duriitti moora ilaallannee, raajjannee araaramna
jechuun weedistee firoomiin isaan hanga jireenya isaanitti itti fufee jiratu.
Sirbi arrassoo gaa‟elaa kan sirbamu lafumaa ka‟ee osoo hin ta‟in ergaawwan garaagaraa
dabarfachuuf akka ta‟e ragaawwan maanguddootarraa argameen nimul‟isu.sirbi arrabsoo
gaa‟elaa irra keessa yoo ilaala‟mu shamarran sirban gurbaa yookaan intala kan jibbaaf arrabsan
fakkaata malee miti.Walaloon sirba arrabsoo gaa‟elaa keessatti sirbamu dhimmoota adda addaa
dabarfachuuf yookaan namni kan namatti dubbatu kan saalfachiisu yoo ta‟e, karaa sirba arrabsoo
gaa‟elaa ibsachuun dabarfatu.
Walaloon sirba atrrabsoo gaa‟elaa amala qabiyyeefi dhaamsa inni dabarsuu barbaadu irratti
yoomessa sirbichi itti dhiyaate irratti,haaluma sirbi arrabsichaa sana irratti hundaa‟uun tajaajiluu
danda‟a.kunis,miira ofii ibsachuuf,tuffii agarsiisuuf kana jechuun natu si caala jechuun,dhiira
64
yoo ta‟e qabeenya hin qabdu dubartiitti kennitee fixxa,yoo dubartii taate immoo durbummaa hin
qabdu mana abbaa kee osoo jirtu salqunnamtii raawwatta jechuun ergaa isaanii dabarfatu.Kuna
hunda dargageesa ta‟e shamarran raawwatanii osoo hin ta‟in waan aadaa ta‟eef ittin sirbanii
walarrabsu.
Walaloon jechoota ergaa cimaa qananiin,sirba arrabsoo gaa‟elatiin darbu keessaa tajaajila
kennan: ittiin gorsuuf,ittiin barsiisuuf,hojjiiwwaan ummata biratti fudhatama hinqabne kanneen
akka sagaagalummaa,sobuu,hanna,oduu baay‟isuu,uffala aadaa cabsu uffachuu fa‟aa ittiin
qeequuf tajaajila kenna.Akkasumas,dargaggoonni amala gaariifi naamusa gaarii qabatanii akka
deeman barsiisuufi gorsuuf sirba arrabsoo gaa‟elaan to‟achuun danda‟ama.
Walumaagalatti amaloota yaraa ta‟an hawaasa keessaa maqsuuf sirbi arrabsoo gaa‟elaa dhimma
bahanii barsiisuun meeshaa filannoo hinqabnedha.
4.4. Sirbi Arrabsoo Gaa’elaa Yoo Dagatame Yookaan Yoo bade Miidhaa Inni Qabu
4.5. Sadarkaa Sirbi Arrabsoo Gaa’elaa Yeroo Ammaa Kana Irra Jiru
Kutaa kana jalatti sirbi arrabsoo gaa‟elaa duudhaaleefi raawwannaalee gaa‟elichi keessatti
raawwatu yeroo ammaa kana sadarkaa irra jiru odeeffannoon funaanamee qaaccefammee jira.
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa yeroo ammaa iddattoowwan hawaasa Oromoo aanaa Horroo keessa
afgaaffii taasifameefi marii gareetiin ragaan funaanamee jira.Iddattoota irraa ragaa funaaname
kutaa kana keessatti qooqqodamuun qaacceffameera .Yeroo ammaa hawaasa Oromoo aanaa
Horroo biratti sirbi arrabsoo gaa‟elaa guutumaan guututtillee yoo ta‟uu baate,kan hafaa dhufe
akka ta‟e ragaan odeef-kennitootarraa bifa afgaafiifi marii gareetiin funaaname nimul‟ata.
Iddattoowwan hawaasa Oromoo aanaa Horroo afgaaffiifi marii gareerratti hirmaatanirraa ragaa
funaaname akka mul‟isutti yeroo ammaa sirba arrabsoo gaa‟elaa duudhaaleefi raawwaannaalee
gaa‟elicha keessaa dagatamaa dhufuusaati.Kunis, shamarran yeroo ammaa sirba arrabsoo
gaa‟elaa hinsirbine ta‟uufi haadholiin muraasni darbanii darbanii haala ijoollummaa isaanii
yaadachuuf sirban akka ta‟e ragaan niagarsiisa.Kun immoo sirba arrabsoo gaa‟elaa dhalootuma
kanaan dura ture qofa biratti akka hafe mul‟sa.
Akka ragaa waajjira aadaafi tuurizimii aanaa Horroorraa argametti aanaa kana keessatti
amantiiwwan gurguddoo sadiitu argamu.Isaanis, amantii waaqeffannaa, amantii kiristanaafi
amantii musilimaati. Amantiin kiristaanaafi amantiin musilimaa akka bakka birarraa dhufee itti
fe‟ame yoo ta‟u,amantiin waaqeffann garuu amantii ganamaa kan uummata Oromooti.Amantiin
kiristanaafi musilimaa sirba arrabsoo gaa‟elaa hin eeyyamne waan ta‟eef ,warri amantii kana
hordofan sirba arrabsoo gaa‟elaa hinsirbani.Namoonni amantii kana lamaan hordofan sirbi
arrabsoo gaa‟elaa maal jedhanii sirban gaafataman amantii kiristaanaas ta‟e amantii musilimaa
kan hordofan nama arrabsuun cubbuudha jedhanii deebii namaaf kennu.Isaan kun amantiin
kirstaanaa faarfannaa,amantiin musilima immoo manzimaa jedhanii ibsu.Kanaafuu namoonni
amantii kiristaanaafi musilimaa dabalaa deemu sirbi arrabsoo gaa‟elaa dagatamaafi hir‟achaa
deema jira.
Shamarree BUfi LK (14/7/2012 afgaaffiin) taasifameefii akka ibsanitti, sirba arrabsoo gaa‟elaa
sirbuuf akka qaana‟aniidha.Sirbi aadaa durii yeroo ammaa kanaaf qaanessaa akk ta‟e dubbatu.
Yeroo durbi heerumtu maal akka jedhanii sirban yommuu gaaffataman deebiin isaanii faarfannaa
amantii mana amantiitti faarfatamu malee akka sirba gaa‟elaa sirbuu hin dandeenye ibsu.
Akasumas, sirboonni ammayyaa guyyaa guyyaadhan akkuma baay‟achaa deemu qalbiifi fedhiin
shamarranii waan hawwataniif,shamarran sirba arrabsoo gaa‟elaa dagachuun sirboota ammayyaa
meeshaalee muuziqaa ammayyaatiin qindaa‟aniin akka sirban ragaaleen iddattoo hawaasaa
Oromoo aanaa Horroorraa funaaname ni agarsiisu.Kanaafuu,sababoota sirba arrabsoo gaa‟elaa
laafisan keessaa inni biroo dhiibbaa ammayyummaati jechuudha.
Qorataan yeroo afgaaffii adeemsisaa turetti shamarran hedduun bilbila harkaa (mobile phone)
akka qabaniif sirboota ammayyaa miimorii irratti feesifachuun akka dhaggeeffatan odeef-
kennittootaatiin ibsamee jira.Babal‟achuun meeshaalee teekinoloojii keessattuu bilbila harkaa
shamarran sirba arrabsoo gaa‟elaa dhiisuun sirboota mana muuziqaatti maxxanfaman akka
dhaggeefatan taasiseera.Kun immoo sirbi arrabsoo gaa‟elaa akka dagatamu yookaan akka laafu
67
Akka manguddoonniifi waajjirri aadaafi tuurizimii aanichaa irraa odeeffannoo afgaaffiifi marii
gareetiin funaaname ibsanitti, sirbi aarrabsoo gaa‟elaa bal‟inaan akka hin sirbamneef sirni
bulchiinsa baroota garaagaraa keessa ture dhiibbaa mataasaa irraan gahee jira.Sirbi arrabsoo
gaa‟elaa yeroo garaagaraatti sirba karaa fulles ta‟u, karaa alkallattiin siyaasa biyyitti yookaan
haala bulchiinsa naannoo murtaa‟aa tokko qeequu danda‟a.Yeroo kana qaamni bulchiinsa
naannichaa namoota sirba sana sirban adabuun, hidhuufi reebuu danda‟a .Dabalataan haalli
siyaasaa biyya keenyaa mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu waan danquuf shamarranis haa ta‟u
namni kammiyyuu akka barbaadetti waan itti dhagahamu ibsachuun rakkisaadha.Kana
malees,sababa haalli siyaasaa biyya keenyaa haalota kana hineeyyamneef dhaabbileen sab-
quunnamtii mootummaas ta‟e dhuunfaa sirba arrabsoo gaa‟elaa kana beeksisuuf waanti hojjetan
akka hin jirre iddattoowwan hawaasa Oromoo aanaa Horroo ibsaniiru.Kanaafuu shamarraniifi
dargaggoonni haalota kana jalaa bahuuf sirbootarraa ofqusachaa akka jiran ragaan funaaname
nimul‟isa.Walumaagalatti haalli siyaasa biyya kanaa sirbi arrabsoo gaa‟elaa akkaataa
barbaadamuun beekamtii argatee akka hinguddanneef dhiibbaa mataasaa taasiseera.`
Akka jaarsoliin biyyaa odeef-kennittoonni afgaaffiifi marii gareetiin funaaname ibsutti, jabana
ammaa kanaa qaala‟insa jireenyaa irraan ka‟e dhiiroonni kaadhimatanii fuudhuu hin
barbaadan.Dargaggoonnis ta‟e shammarran xiyyeeffannoon isaanii barnoota waan ta‟eef
daldalatanii yookaan hodhaa hodhatanii manaa hinqaban.Kanaafuu fuudhuufi heeruumuun
qarshiifi meeshaa barbaachisa waan ta‟eef walkaadhimmatanii warroomuu hin
barbaadan.Akkasumas, gurbaan intala tokko fuudhuuf maatiin intalaa gabbara guddaa
gaafatu.Sirbi arrabsoo gaa‟elaa immoo yoo gurbaan tokko kadhimaatee fuudhu jiraate malee
duudhaafi raawwannaalee gaa‟elichi itti raawwatu sadarkaasaa eegee sirbamuu hindanda‟u.
5.1. CUUNFAA
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa kun hawaasa Oromoo aanaa Horroo biratti beekamaa ta‟ulee yeroo
ammaa kana laafuun sadarkaa dagatamuurra gahaa jira.Bu‟uuruma kanaan beekumsi hawaasaa
kan dhimmoota jireenya dhuunfaas ta‟e jireenya hawaasummaa ibsu keessatti gahee olaanaa
qabu kun akka hindagatamneef barreeffamatti jijjiiiruufi eergaa sirba arraabsoo gaa‟elaa
qaaccessuuf, mata duree qaaccessa sirba arrabsoo gaa‟elaa hawaasa Oromoo Maccaa aanaa
Horroo jedhuun adeemsifameera,
Guyaa cidhaa shamarraniifi dargaggoonni dhiiraa sirba walitti naanna‟anii geengoo uumanii
mudhii walqabachuun hamaamotaafii gurbaa fuudhu arrabsu.Hamaamonni yeroo intala fuudhee
69
galuuf jedhu hiriyyoonni intalaa aadaafi duudhaa gundoo booree sirbuun waarsaafi hamaamota
arrabsuun intala gaggeessu.
Intala fudhatanii qe‟ee warra gurbaatti dhiyaatanis faaruu, sirba aadaa adda addaa galuu isaanii
ibsu sirbanii ibsatu.Yeroo hamaamonni intala fuudhatnii qe‟ee warra gurbaa gahaan
shamarraniifi dargaggoonni dhiiraa sirba balbalqabii intalaafi gurbaa simatu.Mana gurbaatti
akkuma guyyaa sirbaan faarsaa gaggeessan, guyyaa inni intala fidee dhufu galgalas sirbaa
simataniidha.Erga inni mana gahee booda shamarran gurbaafi maatiisaa yoo faarsan intala
immoo niarrabsu.
Arrabsoon intalaa gurbaan guyyaa mana intalaatti waan arrabsamaa tureef, amma immoo
dabaree isaa hiriyyoonni gurbaafi obbolaan gurbaa ishee arrabsaniidha.Arrabsoon aadaa waan
ta‟eef malee badaa yaadanii miti.Sirba arrabsoo gaa‟elaa keessaatti arrabsoon cimatee yoo
wallolan kan araarsu aadaa‟uma ta‟a.
Akkuma aadaa Aanaa Horroo Guduruutti haati gurbaa intalli mana mushurraaaf qophaa‟e eerga
seentee booda sabbata intala irraa hiiktee deebiti.Miinjoliin intalaa akka gurbaan durbummaa
fudhatu itti gadhiisu.Durboonni obbolaan gurbaa sirba arrabsoo gaa‟elaa durbummaa waliin
walqabatuun intala arrabsu.Erga seerri durbummaa fudhachuu raawwatamee booda hiriyyoonni
gurbaa hansoossilleefi sirba arrabsoo gaa‟elaa sirbu. .Walumaagalatti sirni gaa‟elaa durba
dubbiin kan eegale sirba arrabsoo gaa‟elaan wal arrabsaa turanii, sirba araaraa miinjee deebii
irratti sirbamuun raawwatama
Qorannoo mata duree qaaccessa sirba arrabsoo gaa‟elaa duudhaafi raawwannalee gaa‟elichaa
keessaatti hawaasa Oromoo Aanaa Horroo keessatti adeemsifamee argannoowwan bira gahame
gaditti dhiyaatani jiru. Argannoowwan gurguddoo qorannoo kanaa sirba arrabsoo gaa‟elaa
afwalaloofi yeedaloon dhiyaate, falaasama hawaasichaa nimul‟isa; safuu hawaasichaa nibarsiisa;
Obsa nama gopnfachiisa; amala barbaachisaa hin taane ni to‟ata,bashannansiisuufi
gammachiisuuf nigargaara;ittiin gorsuuf tajaajila;cimsuufi waljajjaabeesuuf nigargaara; hojii
nama kakaasuun jijjiirama amalaa nifida. Akkasumas, sirbi arrabsoo gaa‟ilaa hanqina ofii
70
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa qe‟ee warra gurbaatti hojiirra oolan:sirba arrabsoo gaa‟elaa jala bultii
torbaan lamaa, yeroo gaggeessaa gurbaan mana warra irraa gara mana intalatti deemuuf qajeelu,
yeroo mucaan intala fuudhatee deebi‟ee mana warraa isaa ga‟u,yeroo balbalqabaa qe‟ee warra
gurbaa, ansoossillee, sabbata hiikaa, durbummaa yoo argatu,durbummaa intalli yoo dhabde gadi
baasaa jechuun durbi intala arrabsiti..
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa qe‟ee warra intalaa hojiirra oolan:sirba arrabsoo gaa‟elaa jala bultii
torbaa lamaa,yeroo hamaamonni mana warraa ishee ga‟an balbalqabaa,sirba arrabsoo affeerraa
hamaamotarrattii,olan darbaa,gaafa guyyaa cidhaa yeroo gurbaan gadi bahee durba ilaalu,intalli
bahuuf qophooftu,sirba intala gaggeessaa, gundoo booreefi yeroo intall miinjee deebii qe‟ee
dhuftuufaadha.Sirboonni tartiiba duudhaalee gaa‟ilichaafi raawwilee mataasaanii eeganii hojiirra
oolu.
Faayidaa sirba arrabsoo gaa‟elaa qe‟ee warra gurbaafi qe‟ee warra intalaatti sirbamu hundi haala
dhugaa maatii walfuudhanii ibsu osoo hinta‟iin karaa alkallattiifi kallattiin ergaa barbaadan
dabarsuuf itti gargaaramaniidha.Sirboonni wal qeequuf, amala gaarii dagaagsuuf,hanqina ofii
fooyyeeffachuuf,jireenya injifachuuf,qananii jiraachuuf, gorsuuf, dadhabbii ofirraa fageffachuuf,
jabinaaf,mudaafi amala gadhee qeequuf faayidaa guddaa qaba.Kanaafuu hawaasni akka
qabeenya dhuunfaasatti kunuunsee dhaloota haaraatti dabarsuu qaba.
4. Sirbi Arrabsoo Gaa’elaa Yoo Dagatame Yookaan Yoo Bade Miidhaa Inni Qabu
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa yoo dagatame yookaan yoo bade hawaasa itti gagaarama ture irra
miidhan gahu jira.kunis, Hawaasni Oromoo aadaa kanatti gargaaramaa ture aadaa isaa dhiisee
kan halagaa dhuunfata;safuu hawaasaa ittiin to‟achaa ture nidhabama;ummanni Oromoo ittiin
walkabajaa,ittiin walsirreessaa ture nidhabama.
71
Sirbi arrabsoo gaa‟elaa yeroo ammaa kanatti sadarkaa gadi aanaa irratti argama.Sababni
isaas,dhiibbaa amantii,dhiibbaa ammayummaa,dhiibbaa siyaasaa,dhiibbaa teekinoloojiifi
dhiibbaa qaal‟insa jireenyarraan ka‟e durba kaadhimatanii fuudhuun laafaa dhufuufi ijoolleen
durbaa xiyyeeffannoo isaanii barnootaa waan ta‟eef sirbi arrabsoo gaa‟elaa immoo shaakala
waan barbaaduuf akka dagatamu ta‟ee jira.
5.3. Yaboo
Waajjirri aadaafi tuurizimii aanaa kanaa manguddoota waa‟ee sirba arrabsoo gaa‟elaa
duudhaaleefi raawwaannaalee gaa‟elicha keessaa irraatti hubannoo gahaa qaban waliin
ta‟uun sirba arrabsoo gaa‟elaa jala bultiirraa hanga miinjee deebii mana warra intalaa
raawwatamu walitti qabuun bifa dookimeenteriifi barreeffamaan olkaawame gaariidha.
Abbootiin Gadaa aadaa badaa jiru kana iddootti deebisuuf gahee waan qabaniif, sirba
arrabsoo gaa‟elaa duudhaafi raawwannalee gaa‟ilicha keessaa bakka isaatti deebisuun
irratti hojechuun barbaachisaadha.Kunis sirbi arrabsoo gaa‟elaa jiraachuuf durbi
kadhimummaan heerumuun jiraachuu qaba.Kanaafuu, abbootiin Gadaa sirna fuudhaafi
heerumaa keessatti gabbarri durbaa hanga maatii intalaaf kennamuu, bifa walta‟aa ta‟een
murtaa‟uu, qeerroofi qarreen seera abbootii gadaa irratti waliigalanii murteessan irratti
hundaa‟uun yoo warrooman gaarii ta‟a.
Hawaasni Oromoo aanaa Horroo sirba arrabsoo gaa‟elaa ergaa bal‟aa dabarsu kana
sababoota adda addaatiin akka dagatamu taasisuurraa ofqusachuu qaba.
Dhaabbileen sab-qunnamtii mootummaas ta‟e kan dhuunfaa sirba arrabsoo gaa‟elaa
sagantaa bashannanaa qopheessuun beeksisuu qaba.
Ogeessonni fiilmii afaan oromoo sirba arrabsoo gaa‟elaa adeemsa fuudhaafi heerumaa
keessatti dookumantarii qopheessuun miidiyaalee irratti agarsiisuun sirba arrabsoo
gaa‟elaa beeksisuu qabu.
Artiistoonni Oromoo sirba arrabsoo gaa‟elaa ammayyeessuun yookaan akkuma jirutti
hojjachuun hawaasaaf dhiyeessuufii qabu.
72
WABIILEE
Addunyaa Barkeessaa. 2011. Akkamtaa yaadrimee qorannoo hujoo Finfinnee: Mega printing
Press
Asaffaa Tafarraa. 2009. Eela.Oguma Oromo: Finfinnee: Far East Trading PLC.
Awoonor, K. (1975). The breast of the earth: a survey of the history, culture, and literature of
Africa South of the Sahara. Nigeria: Nok publishers, International
Bascom, W. (1965). The Forms of Folklore: Prose Narratives. Journal of American Folklore,
3-20.
Biraanu Matte. (2009), .Fundamental of Literature.Addis Ababa: Pirinted ByAlpha printers PLC.
Bukenyaa.A. (1994).Understanding Oral Literature.Narobi: Narobi University press.
Dastaa Dassaalenyi. 2008. Bu‟uura qorannoo: Finfinnee mana maxxansaa. Mega printing
Prsse
Dundes.A. (1965).The study of folklore .Berkley: prentice Hall Inc. Education Association
Eshete, G. (2008). African Egalitarian Values and Indigenous Genres: The Functional and
Contextual studies of Oromo Oral Literature in Contemporary Perspectives (Phd.Dessertati
on). Institut for Litteratur, Kultur ogMedier.
Fedhasaa Taaddasaa. (2013). Subii. Barruulee Ogbarruu Oromoo.Finfinnee Oromiyaa
Fekade, A. (1984). Ethiopian oral literature: A preliminary Review and Bibliography. Paper
Delivered at the international conference of Ethiopian studies (8th :( 1984. Addis
Ababa: Addis Ababa University.
Fekede Azeze. (1999), Yesinaqal mamaaryaa.Institute for International cor.of Germen Adult
Filee Jaallataa. (2016), Beekumtaa Oromoo I.Mana Maxxansaa Raajii.Finfinnee
Filee Jaallataa (.2019), Malleen Qorannoo.Yunivarsitii Wallaggaatti Barsiisaa xiinqooqaafi
Finnegan, R. (1970). Oral Literature in Africa. Oxiford: Clarendon Press.
Finnegan, R. (1992). Oral Traditions and the Verbal Art: Agide to Research Practices.
Newyork: Francis e-Library.
Georgesfi Jones.M.O. (1995), Folktoristic: An introduction .Bilooming onton and Indiana polis:
Indiana.University press
Girmaa Maammoo. (1995). Wirtuu Jildii -7. Barruulee GumiiQormaata Waltina Afaan
Oromoo.Finfinnee.
73
Geetaachoo Rabbirraa. (2005). Furtuu: Seerluga Afaan Oromoo. Finfinnee Kuraz International
Geetachoo Rabbirraa, (2008). Furtuu Seerluga Afaan Oromoo. Finfinnee Africa Lingua printing,
P.L.C.
Hinsenee Makuriyaa (2010).Gaachana Kormaa.Addis Ababaa:For Est Treding PLC
Huseen Badhaasoo, (2000). Seera Fuudhaafi Heeruma Oromoo Arsii. Finfinnee: Commercial
PC.
Jabeessaa Ejjetaa (1995). SeenaaUummataOromooHangaAmmaatti: Finfinnee: Commercial
Printing Enterprise.
Jeylan, H. (2005). The Function of Afrcan Oral Arts: The Arsi Oromo. African Study
Monographs, 15-58.
Maammoo.(2009).Qaaccessa Qabiyyeefi Unka Weedduu Arrabsoo Durba Sirna Naqatanii
Fuudhuu Godina Wallagga Lixaa Aanaa Haaruu Waraqaa Qorannoo MA Kan
Hinmaxxanfamne
Misgaanuu Gulummaa. 2011. Dilbii Bu‟uuraa Afoolaa, Ogafaaniifi Afwalaloo: Finfinnee
Nagarii Leencoo. 1995. Wirtuu Jildii-7. Barruulee gumii Qormaata Waaltina Afaan Oromoo.
Finfinnee
Oring, E. (1996). Folk groups and Folk genres: An introduction. Logan: UTAH state university
Press
Seefuu.( 2008). Xiinxala Ergaa Weedduu Arrabsoo Fuudhaafi Heerumaa Godina Shawaa Lixaa
Aanaa Amboo.Waraqaa Qorannoo MA.Kan Hinmaxxanfamne
Sims fi Stephens. (2005). Living Folklore an Introduction to the Study of People and Their
Traditions. Logan, Utah: Utah State University Press.
Sumner, C. (1997). Oromo Wisdom Literature Songs Collection and Analysis. Addis Ababa:
AAU Publisher
Tamene, B. (2004). Oromo Oral Poetry: Seen from Within. Berlin: Rudiger Koppe Verlag
Taylor. 1973. Introduction to cultural Anthropology.U.S.A
Warquu.(2010).Sona Aadaa Tursuuf Bu‟aa Afaa Oromoo Wiirtuu Jildii 9:BQAO.Biiroo Aadaafi
Tuurizimii Oromiyaa.Finfinnee
Zarihun, A. (2007). Yesinatsihuf Msaratawiyan. Addis Ababa: Nigdi Matamiya Dirijit.
74
DABALEEWWAN
I.Seensa
Kabajamoo odeef-kennaa/tuu hunda dursa afgaaffii eeyyamammoo ta‟uun yeroo keessan aarsaa
gootanii beelama kabajjanii argamuu keessaniif guddaa isin galateeffadha.Itti aansuun
yuuniversiitii Haramaayaatti mata duree”qaaccessa sirba arrabsoo gaa‟elaa Oromoo Maccaa
aanaa Horroo “jedhuun qorannoo ulaagaa barnootaa digirii lammaaffaaf adeemsifamaa jiruuf
odeeffannoo isinitrraa funaanuuf yaadameera.Odeeffannaan isinirraa funasanamu kunis,dhimma
qorannoo kana qofaaf kan ooluufi icciitinsaa kan eegamu ta‟uu isiniif ibsa.Odeeffannoon keessan
kun kaayyoo qorannoo kana milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu hubatanii
odeeffannoo qabatamaafi dhugaa osoo hin dhoksin nuuf kennitan kabajaan isin gaafadha.
Glatoomaa!
II.Odeeffannoo Dimshaashaa
Guyyaa_______________________
Maqaa____________Saala,Dhiira____durba____Umrii_________Sadarkaa
barnootaa_____lakk.Bil.______________Ganda__________Gooxii________Garee________
Gaa‟ela fuudhe/heerumte___Hinfuune/Hinheerumne___
III.Odeeffannoo Qorannichaa
I.Seensa
Kabajamtoota hirmaattota marii kanaa hunda yeroo keessan aarsaa gootanii beellama kabajuun
argamuu keessaniif galatoomaa!Itti aansuudhan yuuniversiitii Haramaayaatti mata duree
“Qaaccessa Sirba Arrabsoo Gaa‟elaa Oromoo Maccaa Aanaa Horroo”jedhuun qorannoo
barnoota digirii lammaffaaf taasifamuuf odeeffannoo barbaachisuu isinirraa funaanuuf
yaadameera.Kanaafuu,qabxiilee armaan gadii ani isiniif dhiyeesu irratti hubannoofi yaada
qabdan iftoominaan kaastanii marii ho‟aa akka gootan jecha, odeeffannoon isinirraa funaanamu
dhimma qorannoo kana qofaaf kan ooluuf iccitiidhan kan qabamu ta‟uusaan isiniif mirkaneessa.
II.Qabxiilee Marii
4. Sirbi arrabsoo gaa‟elaa yeroo akkamii sirbama? Eessatti sirbama? Maal jedhamee sirbama?
8. Faayidaa sirba arrabsoo gaa‟elaa Oromoo maccaa aanaa Horroo keessatti qabu maali?
9. Sirbi arrabsoo gaa‟elaa yeroo ammaa hawaasa oromoo maccaa aanaa Horroo biratti sadarkaa
maalirra jira?
10. Sirba arrabsoo gaa‟elaa aanaa Horroo ilaalchisee yaada adda ta‟e dabalatan naaf
Galatoomaa!
78
Sirba jala bultii mana gurbaa intala ittiin Mana keessan eejjituun lama
arrabsa Haadha keenn sadii
1. Anoo walleedha, wallee bartuudha. Sirba jala bultii mana gurbaa maatii
Sagal nawaamu, Shan natti dhaamu intalaa arrabsan
Atoo harreedha, harree dhaltuudha 5. Warri keenyaahoo
Sagal si yaabuu, Shan sitti dhaabu Gaagura buusuu
2. Yaa hiddihoo baalashee Damma nyaachuufoo
Yaa intalee baalagee Wayyoo yaantalee
Mukarbaa dooluu Warri keessanoo
Yaa baala hancootee Guyyuma yuusuu
Wayyoo yaantalee Namanyaachuufoo
Sittorfaa ooluu Sirba arrabsoo Gaa’elaa Mana
Yaagaalamootee Warra Gurbaafi Sirba Gaggeessaa
3. Yaa gundoo golboo maxxana geeshee Hamaamotaa
Yaa guddoo horfoo maattii na geessee? 6. Shaashii lixxe, shaashii lixxe
Irra ishee ilaallaan shurrubbaan dasa Obbookoo isa waaqiin qixxe
Jala ishee ilaallaan durbummaan tasa Intaloo lafti siin cite
Hamaamoteen addaatte
4. Hodhitee hin keessu kosiitti gatta Hadaa birraa gubaa arfaasaa fakkaatte
Deessee hin guddiftu bultee gatatta Miinjeen keessaa gadi aantee
Harreen dabarte galabaa isheetti Yaa hamaamotee laalihoo
Deessee gatatte mana abbaa isheetti Nagaan dhaqii nagaan galihoo
Hodhituu qabee mutaan dacha‟e Miinjee caccabii hafihoo
Kennituu qarree offaan tarsa‟e Cabaa qiraacii ta‟ihoo
Yaa irraan gadee baala goommanaa Gola abbaa intalaatti hafihoo
Yaa jalaan oofee qaawwa sooyyamaa Obbookoo nagaan galihoo
Mana keenya illee boojjitoon lama
Hodhaatii sadii
81
Sirba jala bultii qe’ee intalaa maatii Horro roobee baala maaldhaqxaa
gurbaa ittiin arrabsan Horro roobee gaana baddettaa
7. Hanbaaltaan muka Horro roobee gaana jaldeessaa
Waancaa gombisuu Sirba jala bultii mana intalaa gurbaa
Leencicha budaa ittiin arrabsan
Mataa tolchituu 11. Yaa hiddii koloolee jimmaa
Haati kee naafa Yaa gurbaa osolee ilmaa
Jilbaan adeemti Haati kee duutemoo jirti
Abbaa kee nyaattee Gurgurreetu okkotee binna
Mataa keef deemti…jetti 12. Gammoojii buunee beddee lakkofna
8. Horro roobee wayyoo amaatii Baasi surree kee sabbatitti kee
Horro roobee mataa kee kana Eelee itti haxxoofna
Horro roobee sa‟atu dheedee Habbuubbii ayyoo darbaa buqa‟ee
Horro roobee sa‟aan hindheenne Abalunoo otoo gadha‟uu addaa luqa‟ee
Horro roobee oluu hin margarree 13. Gissee yaagissee gissee migiraa
Horro roobee namuu hin agarree Saphii hin haaddatu,niitii saalfatu
9. Yaa hiddii koloolee jimmaa Jigseeti injira
Yaa hiddii koloolee jimma wayyoo 14. Yaa warra keenyaa maaf namawaamtuu
Abbiyyuu Farsoo hin baanettoo, daadhii bookattoo
Yaahiddii koloolee jimmaa dhufemoo hufe Yaa warra keenyaa maaf Nama laatu
Yaahiddii koloolee jimmaa dhufe abbadubbi Nama hintaanettoo sanyii doofattoo
Yaahiddii koloolee jimmaa kancidhaan Sirba arrabsoo gaa’elaa balbalqabii
gumbii qe’ee warra intalaa
Yaahiddii koloolee jimmaa dhufe abbaan 15. Yaa ulee luugama gaangoo
seeraa Yaa gurbee yaa dhala handanqoo
Yaahiddii koloolee jimmaa kancidhaan Hin kennu balbala abbaakoo
teephaa 16. Waayiluukoo walilaalla har‟a yoona
10. Horro roobee wayyoo yaa sayyuu Mulluun irbaata sifaan hiraaree
Horro roobee yommuun si waamu Har‟ohoo ijibbaata sifaan hilaaree
Horro roobee mana hinjirtu Waayiluukoo walilaalla har‟aa yoona
Horro roobee baala dhaqxeettaa Hin ooltu har‟oo walilaala har‟a yoona
82
Re‟een tulluu galti walilaala har‟a yoona Bashaq godhee basharaq godhee haa liqimsu
Yaa eenyu hudduu faltiwalilaala har‟a yoona 21. Hirmii hirmii maaf nyaate hirmii
Waayiluukoo waliaalla har‟oo yoona…. Si haa nyaatu rirmi
17. Bishingaaa shaasharee yaa eeny ya saree Yaa harree teepha baatu
Huuruutti uffattee, eenyuun tuffattee? Arreedde hin gugatiin
Kaleessa hoo kosirra arreeddaa Yaa soddee suuta nyaadhu
Harrammoo maaf kofoon nu reebda? Hammaartee hin luudatiin
Beeddeefi gombisaa dhaheen gombisa. Yoo ofii ganna baate
18. Ati hoo kokobee kopheetu si sobe Haadhookoo ganna hin baaftu
Ati hoo diqaalaa natoo si caala Sumaanoo lafti haa nyaatu
Kootiin ergisa surreen ergisa 22. Okkotee durjii baatu
Balba hin geessu kanqullaa teessu Sholloqqee qurcii nyaatu
Haroo tujubaa jajjabaa leensaa Sirba mana warra intalaa olan darbaa
Ato suutuma kanjajan eessa? 23. Yaa ulee harooressa, harooressa
Iji ballaadha lukti jallaadha Yaa obbookoo ilma sooressa
Tafkii okkoltu hundumaa hintoltu Olan darba sodden arga nadabarsi
Kabeelaa butte maal fuudhaa dhufte Yaa ulee sorooroo sooressa Horrootti
19. Yaa soddee tortoraa Olan darbaa yuuyyeen argaa nadabarsi
Gatiin balbalaa Sooree hoo sooressa maddii
Dhibbaafi shantama Olan darba soddee arga nadabarsi
Iddi saree murtanii Sooree hoo ka‟ii dhaabbadhu
Birri malee dhuftanii Sooree hoo giiftii simadhuu
Yaa soddee diida bultanii Sooree hoo kunoo ulfina
Iddii cirtan malee Sooree hoo ulfina durbaa
Birrii fiddan malee Sooree hoo yoo kunhintaane
Yaa soddee diida bultan Sooreehoo gaabbita gurbaa
Sirba mana warra intalaa affeerraa Sirba guyyaa cidhaa qe’ee warra intalaa
nyaataarratti hamaamota arrabsan gurbaa arrabsan
20. Yaa raammoo yaashee guggurraatti 24. Kan durba ilaaluu marga lafaati
Afaan eenyuurra bubburaaqxi Kan fuudhee bulchu dhala namaati
Yaa…eenyu keessatti ukkamsi Hamaamonni kee dhufa si saamti
83