Professional Documents
Culture Documents
JALQABAA GUUTAMAA
MITIKKEE DABALAA
AMAJJII, 2013/2021
i
YUUNIVARSIITII DAMBI DOLLOO
JALQABAA GUUTAMAA
MITIKEE DABALA
ii
QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSA OROMOO GORSA
IRRATTI XIYYEEFFATAN:GODINA WALLAGGA LIXAA AANAA
HOOMAA
JALQABAA GUUTAMAA
MITIKEE DABALAA
1.Qoraa:
2.Gorsa:
iii
IBSA
Hojiin qorannoo kanaa jalqabaafi yuuniversiitii kamiyyuu keessatti dhimma kanaan
walfskkaataandhaan kan hojirra olee miti l. Kana males, Maaddoonni odeeffannoo qorannoo
kana keessatti itti dhimma bahaman hudinuubwabeeffatamnii jiru.
Jalqabaa Guutamaa
MITIKKEE DABALA
Guyyaa
Mallattoo
Waraqaa qorannoo kun gorsa kootiin mirksnaa'ee gara qormaataatti akka darbu godhameera.
Guyyaa.
Mallattoo
iv
GALATA
Hunda dura hojii kana hojjennee akka xummurruuf gorsaafi jajjabina kan nuuf laatan gorsaa
keenya ni galateeffanna. Itti aansuun namoota odeeffannoo nuuf kennuun nu tumsan hundaan
galatoomaa jenna. Keessattu, gorsa keenya kan ta'aan milkaa'ina qorannoo keenyaaf nuffii fi
dhibaa'ummaa tokko malee yaada nuuf kennuun sammuu keenyas ta'e, qorannoo keenya
ijaaruuf deggersa nuuf kennaa kan turan barsisa Abdiisaa Shinoo galanni keenya guddaadha!
Dhumarratti, namoota yaadaanis ta'e meeshaalee barreeffamaan deggersa nuuf godhaniif osoo
hin galateeffatiin kan darbinu miti.
v
AXAREERA
Qorannoo kun kan geggeeffame Aanaa Hoomaa keessatti yommuu ta'u, mammaaksa oromoo
kan gorsaa mammaakaman sakatta'uun qabiyyee qabiyyeedhaan qooduun xiinxalameera.
Ka’umsa qo’annoon kanatiif gaaffilee bu’uuraa qorannichaa: Mammaaksi gorsa agarsiisu
ergaa akkamii qaba? Kan jedhu, Mammaaksi namoota sadarkaa akkamiirra jiraniif
mammaakama? Kan jedhufi Mammaaksi sababa maalitiifi mammaakama? Kan jedhu ture.
Qorannichis boqonnaalee shan kan hammatu ta'ee, isaanis: sakatta'a barruu, malleen
qorannoo, odeeffannoo qaaccessuu fi hiikuu akkasumas goolaba fi yaada furmaata
dabalataanis immoo qorattoonni malleen qorannoo kanneen akka iddattoo fi iddatteessuu,
afgaaffii, marii garee fi habuurraa akkasumas malleen xiinxala ragaalee dhimmaa
bahuudhaan mammaaksota maddeen garagaraa irra walitti funaanani qabiyyee isaaniitiin
qooduun ergaa ifaafi ergaa dhokataa ta'an qaacceessdhaan argannoo isaanii irra
ga'aaniiru.Argannoon isaanii kuniis gorsa kanneen akka amala,
yaada,uumama,kaayyoo,fedhii,ilaalcha,hubannoofi wantoota kana fakkaataniin namoonni
gargar ta'uu isaanii bira ga'uun qorannoo isaaniitiif guduunfaa fi yaada furmaataa lafa
kaa'aniiru. Axereeraan keessan sirrii miti. Argannoon qorannichaas, mammaksi argee
mammakama osoo hin taanee yeroo, haalaafi bakka itti mammakamu akkasumas namoonni
yeroo akkamii dhimma itti ba’an yaada kana irraas ta’e mammaksa qaacceeffame irraa
hubachuun danda’ameera. Yaadonni yaboo kaa’amanis gabaabinaan akka armaan gadiitti
kaa’amaniiru. Mammaaksi gorsa agarsiisu faayidaa inni kennu akkuma gosoota
mammaaksaa warra kaanii osoo beekamee gaarii ta’a. Maanguddoonniifi ga’eessonni
ogummaa mammaaksa itti fayyadama afaan keessatti, bu'aa mammaaksa gorsa agarsiisu
kennuu hawaasaaf muuxannoo isaanii utuu dabarsanii bu’aa gaarii qaba. Dhimmoota
hawaasummaa aadaa, safuu, seenaaa, duudhaafi kkkf keessatti bu'aa mammaaksi gorsa
kennu qaamoleen dhimmi isaa ilaallatu marti hawaasaaf hubannoofi muuxannoo isaanii
utuu dabarsanii gaariidha. Dhimmoota hawaasummaa aadaa, safuu, seenaa duudhafi
keessatti yoomessa mammaaksa gorsa agarsiisu ibsa isaa maanguddootaafi ga'eessota
biyyaatiin barsiifamee ni tola. Dhaabbileen mootummaafi miti mootumaa martuu
maalummaa mammaaksa gorsa agarsiisan huabtanii haala itti fayyadama isaa hawaasaaf
osoo ibsanii caalaatti fudhatama qabaachuu ni mala kan jedhu irratti yaadni kennamee jira.
vi
BAAFATA
Qabiyyee Fuula
IBSA.....................................................................................................................................................iv
GALATA..............................................................................................................................................v
AXAREERA.........................................................................................................................................vi
BAAFATA.........................................................................................................................................vii
1.1.Seenduubee Qorannichaa.............................................................................................................1
1.2.Ka’umsa Qorannoo......................................................................................................................2
1.4.Barbaachisummaa Qorannichaa...................................................................................................3
1.5.Daangaa Qorannichaa..................................................................................................................3
2.2.Gooroowwan Fookiloorii.............................................................................................................5
2.2.4.Afoola...................................................................................................................................6
vii
Itti fufa……..
BOQONNAA SADII: MALLEEN QORANNICHAA....................................................................11
3.5.1. Afgaaffii............................................................................................................................12
4.5. Mammaaksi Gorsa Mul’isu Maanguddoota Durii Fi Dhaloota Ammaa Biratti Maal Akka
Fakkaatu Ibsuu.................................................................................................................................26
viii
itti fufa…..
5.1. CUUNFAA...............................................................................................................................27
5.2 Argannoo...................................................................................................................................27
5.3. Yaboo.......................................................................................................................................28
WABIILEE........................................................................................................................................30
DABALEE I.......................................................................................................................................31
DABALEE II...................................................................................................................................32
ix
BOQONNAA TOKO : SEENSA
1.1.Seenduubee Qorannichaa
Uummanni Oromoo aadaafi seenaa jaarraa dheeraa kan qabuudha. Uummanni bal’aan kun
aadaa fi seenaa isaa bal’aa kana kallattii gara garaatiin dhalootaa dhalootatti dabarsaa ture.
Kallattiiwwan jiran kana keessaa inni baay’ee beekamaa ta’e afoola. Haala kanaan uummanni
Oromoo akkuma uummata kan biraa mudannoofi muuxannoo jaarraa dheeraaf kuufate
afoolaan gargaaramee dhalootaa dhalootatti dabarsaa ture.Afoola jechuun dhaala jechootaa
kan muuxannoo jiruufi saba tokkoo dhalootaa dhalootatti afaaniin daddarbudha. Afoolli akka
nama kitaaba barreessee abbaan kitaaba sanaa ittiin waamamu osoo hin taane, uummata
yookaan hawaasa sanaan kan beekamudha. Kanaaf mammaaksi damee ogafaanii keessaa
tokko ta'ee afoola jalatti kan hammatamu dha.
1
1.2. Ka’umsa Qorannoo
Dhalli namaa jiruufi jireenya isaa keessatti lafa yaade ga’uuf yookaan waan barbaade tokko
argachuuf akkasumas waan barbaade tokko irratti qo’annoo adeemsisuuf sababa yookaan
ka’umsa mataa isaatii qaba.Buu’uruma kanaan qorattootni qorannoowwan afoolaa keessaa
mata duree kana irratti yookaan qabiyyee mammaaksa gorsa irratti xiyyeeffatan Godina
Wallagga lixa Aanaa Hoomaa keessaa maal akka fakkaatu qaaccessuun qo’aatani dhalootaa
dhufuuf barumsa akka ta’uuf dabarsuu barbaadu. Qorannoo kana akka qorannuuf kan nuu
kakaase hawaasni oromoo mammaaksi kana gargaaramuun ergaa isa akka dabarfatu fi
qaroominaan wal qabatee dhaloonni dhalataan immoo akka isaan itti fayyadamuu hin
dhisneef kan nu kakaase dha. Kanaaf qabiyyee mammaaksota Oromoo kan gorsaaf
mammaakaman madda adda addaa irraa ragaalee jiranitti fayyadamanii walitti qabuudhaan
qaaccessanii dhaloota biroodhaaf hambaa hawaasa kana eegumsaan kaa’uunsaa
barbaachisaadha. Kunis dhimma qorannoo kanaatiif wantoota qorattoota kakaasan keessaa isa
ijoodha. Haa ta’u malee mammaaksota yaada gorsa agarsiisan madda garaagaraa irraa walitti
qabuun hiika qabiyyee isaanii irratti hundaa’uun qaaccessanii dhaloota biroof akka darbu
godhaniruu. Maddoonni kunis namoota waa'ee mammaaksa oromoo keessaa gorsaa irratti
kan xiyyeeffatan kan gadi fageenyaan beekuu jedhamani yaadamanidha.
2
1.3. Kaayyoo Qorannichaa
1.4.Barbaachisummaa Qorannichaa
Ilmi namaa jiruufi jireenya isaa keessatti wanta hojjetuufi godhu qaama barbaachisuun
yookaan kan biroof faayidaa kan mataa isaatii ni qabaata. Haaluma kanaan qo’annoon kun
hojjetamee yoo xumurame qaamota garaa garaaf gama adda addaatiin ni fayyada. Qaamolee
qorannoo kanarraa fayyadamuu danda’an keessaa muraasni
Qorannoon kun mammaaksaa irratti qo’annoo gadi fagoo kan geggeessuu namoota
barbaadaniif ka’umsa ni ta’a.
Qoranoon kun hojjetamee erga xumuramee booda barattoota booda Kenya jiraanif
akka madda ragatti tajaajilu danda'a
Waajjira aadaa fi turizimiif akka hambaa seenaatti tajaajila
1.5.Daangaa Qorannichaa
Qorannoon kun gama laman kan daanga'ee dha . Innis gama bakka fi qabiyyee irratti kan
hundaa'eedha.gama qabiyyeettiin qaacceessa qabiyyee mammaaksa Oromoo gorsaa irratti
xiyyeeffatan kan ilaallatuudha. gama Bakkan immoo godina Wallagga Lixa keessaa Aanaa
Hoomaa irratti kan xiyyeeffatu.
3
wabiidha.Haa ta'uu malee rakkoo kana jala ba'uuf qorattoonni tooftaa mataa isaaniitiin
kanneen maqsuuf haala mijeeffachuun qorannicha geggeessineera.
4
BOQONNAA LAMA: SAKATTA’A BARRUUWWANII
Sakatta’insi barruu firoomina mata durichaa wajjin kan wal qabatan irratti kan
xiyyeeffatudha. Isaanis og-ogbarruu,ogafaan, maalummaa mammaaksaa, qabiyyee
mammaaksaa, faayidaa mammaaksaa fi yoomessa mammaaksaa kan ibsaniidha.
2.2.Gooroowwan Fookiloorii
Fookilooriin dameewwan gurguddoo afur of jala qaba. Isaaniis aartii sochii qaama,
meeshaalee aadaa, duudhaa hawaasa fi ogafaanidha
.kana males aartiin sochii hawaasaa irratti wantoota ammayyaa fi jijjiirama dhufuuf kan
qoo'atuudha Migaanuu (2011:25 ) "Aartii sochii qaamaa hawaasaa fookiloorin yookaan gosa
fookiloorii keessaa tokko ta'e;dhimma sochii qaamaa kan mul'isuudha. Kanaaf ogafaaniif
midhagummaa kan kennuu fi lubbuu itti horuudha" yaada kana irraa waanti hubannus aartiin
sochii qaamaa lubbuu ogafaanii ta'ee kan fayyaduudha jechuun ni danda'ama.
5
2.2.2 Duudhaa Hawaasaa
Duudhaan hawaasaa gochaafi ogummaa dhuunfaairraatti xiyyeeffannaa kan godhu hariiroo
ykn walitti dhufeenya gaee irrattidha. Dhuudhaan hawaasa uummata keessatti umurii dheeraa
kan lakkoofsiseefi hawaasni hundi itti walii galee kan fudhateedha.kanaaf hawaasni duudhaa
kana jaallachuu isaa irraa kan ka'ee akka umurii dheeraa jiraate kan hubannuu dha.
2.2.4.Afoola
Ogafaan ilmi namaa gaafa afaan dubbachuu eegale kan waliin uumamedha. Ksnaaf,afaan
ilma namaa wajjiin kan eegale ta'ee dhalli namaas hanga afaan isaa cimsataa deemeen
ogafaaniis cimaa deemed.Ogafaan jechuun ogbarruu irra kan afaaniin ykn dubbii dhaan
dhaloota dhalootatti darbuu jechuudhajechuudha.Yaada kana ilaalchisee Fedhasaa(2013:28)
"Jechi afoola jedhuu wantoota sammuu keessatti kalaqamanii afoolaa keessatti kan
hammataman kanneen akka mammaaksa, hibboo, ciigoo, geerarsa, weedduu, sheekoo, faaruu
fi kan kana fakkaatan of keessatti qabatu ta'ee, aartii barreeffamaan osoo hin taane jechaan
kan ibsamuudha"jedha.
Afoola ilaalchisee beektonni hedduun hiikasa karaa adda addaa lafa kaa'ani jiru.Afoola
beekuun aadaa beekuudha, Aadaa beekuun jiruu fi jireenya dhuunfaa fi hawaasa beekuurra
darbee of beeku dh, kanaaf Afoolli gochaa duudhaan, barsiifataan, barreeffaman yookaan
afaaniin dhalootarraa dhalootaatti darbaa kan dhufee fi darbaa jirudha.
Yaada kana ilaalchisee Misgaanuun ( 2011:32) Bukeenya(1994:85)waabeffachuun Waa'ee
afoola yoo ibsan "oral literature is the heart of the people way of life. It is very soul of the
culture, As the reserver of people word view and give them spring from which their day to
6
day existence is propelled ." Yaada kana irraa wanti hubatamu afoolli haala jireenya hawaasa
tokkoo kan murteessuu fi kuufama beekumsa hawaasaa kan fuulduratti tarkaanfachiisudha.
Dababalataanis Geetachoon (2008: 9) afoola yommuu ibsu " Afoolli (oral literature) gosa
ogummaa ta'ee aadaa seenaa fi eenyuummaa dhaloota darbee himamsa afaaniin dhaloota itti
aanutti kan dabarsudha" jedha.
2.3.1.1.Jijjiiramummaa
Afoolli dhalootarra dhalootatti afaaniin waan darbuuf fageenya yeroo irraan kan ka'e
irranfatamaa jijjiiramni qabiyyee bu'aa isaa irratti mul'achaa deemuu danda'a;baduus danda'a.
Addunyaa(2016:166) " Afoolli afaaniin dhalootaa dhalootatti waan darbuuf, bakka tokko
tokkotti ni irraanfatama haa ta'uu malee yaadrimee isaa yaadachuun hawaasni jecha mataa
isaatiin qindeesse dhiyeesa" jedha.Yaada kana irra kan hubannu afoola irratti karaa addan
addaan jijjiiramni irra ga'uu akka danda'u kan hubannu dha.
2.3.2.2. Uummatummaa
Afoolli qabeenya uummataati. Yaada kana ilaalchisee Jaarraa fi Wasaneen (2008;64)"Og
afaan Akka barruu kitaabaa abbaa barreesseen hin waamamu.Afoolli kan nama dhuunfaa
osoo hin taane qabeenya hawaasaati. Afoolli fi hawaasni gargar hin ba'an;kan jiraatus yoo
uummanni itti jiraatedha.
2.3.2.3. Lufummaa
Halli afoolli tokko dhaloota dhalootati darbuu lufummaa jedhama.Yaada ilaalchisee
Misgaanuun (2011:30) yoo ibsuu, " Luufummaan haala ogafaaniin dhaloota dhalootatti
darbuun kan wal qabatuudha" jedha.yaadni kun haasawa afaanii fi gochaan afoola kan
dadaabarsan immoo miseensota hawaasaati.
2.3.2.4 . Hurruubumma
Amaloota afoola keessaa hurruubummaan isaa bu'uurati Yaada ilaalchisee Wasaaneen
(2008:164) yommuu ibsu,"Hurruubummaan amala afoolaa keessaa tokko ta'eekan gochaan
mul'atuudha" jedha.Yaada kanarraa kan hubatsmuu
7
2.3.2.5.Midhagummaa
Afoollii barreeffama biroo kanneen akka saayinsii fi seenaa irraa adda. Afoolli midhagina
qabu. kanaafuu yommuu dhiyaatu baay'ee qalbii namaa kan hawaatudha.Yaada kana
ilaalchisee Jaarraa fi Wasaneen (2009:37) yommuu ibsan ibsan,"Miidhagummaan haala
afoolli sun Moira sammuu ilmaa namaa haawwachuu danda'uun dhiyaachuu isaa mul'isa"
jedhu.
Mammaaksi bakka namoonni lamaafi isaa ol jiranitti kan dubbatamuufi hawaasicha waliin
kan wal simu ta’uu qaba. Yeroo namaa utuu hin gubiin gabaabsuun dubbii sana goolabuuf
kan fayyadaniidha. Itti dabaluudhaan wiirtuun jiildii 4 (1991:90) irratti akkas jedha. “
Mammaksi gabaabina isaatiin, qalbii namaa fudhachuu isaatiin, dhageettiitti toluu isaatiin,
uummata biratti dhimma baayyee jaallatamuu, bifaan walfakkaachuu isaatiin, hundarrayyuu
dubbii cimtuu dubbachuu isaatiifi mammaaksi akkam yoo gabaabbate jechoota lamaan
himama.” Yaada kanarraa wanti nuti hubannu mammaksi uummata oromoo biratti
jaallatamaa kan ta’eefi bakka guddaa kan qabu ta’uu isaa huabchuu dandeenya.
Haata’u iyyuu malee, mammaksi humnaafi yeroo qusachuuf mammakama. Akkasumas akka
hin irraanfatamneef ergaa yookaan yaada dabarsuufi hubachiisuuf gargaara. Haaluma
walfakkaatuun uummanni oromoo yookiin jaarsoliin yeroo dubbii waliin dubbatan akkas
jedhanii mammaaku. “dubbiin mammaaksa hin qabneefi ittoon soogidda hin qabne hin
mi’aayu” jedhu. Kana jechuun isaanii akkuma ittoon soogidda malee hinmi’oofne, dubbiinis
mammaaksa malee hin mi’aayu, nuffisiisaaa ta’a jechuudha.
Adeemsa jiruufi jireenya isaa keessatti isa mudatan kan ittiin ibsatu ta’uusaa nu hubachiisa.
Wasanee Bashaa (1990:7) akkas jechuun mammaaksa ibsa. “Hambaawwan afoola Oromoo
keessaa tokko mammaaksa”. Jedha. Mammaaksi og-afaan dhaloota birootti afaaniin darbaa
jirudha.Kana jechuunis mammaaksi kuusaa afoolaa keessaa tokko ta’uu isaa akkuma
8
afoolaan kanneen biro labataa labatatti kan darbu barreeffamaan osoo hintaane afaaniin ta’uu
isaa kunis gosoota og-afaanii keessaa tokko ta’uu kan nu huabachiisuudha.
Yaada kana ilaalchisee Wasanee(1994:34) irratti akka ibsutti namni kamuu mammaaksatti
fayyadamuuf kan ifaaju yookaan carraaqu yeroo yaada haasa’amaa jiruun wal fakkaatedha.
Goorowwan afoolaa kaan ilaalchisee wanti mammaaksa adda godhu callisee kan dubbatamu
osoo hin taane bakka barbaachisaa ta’etti haasaa keessa galuudhaan, dubbii mi’eessuuf,
gorsuuf, qajeelchuuf, barsiisuuf, rakkoo jiruuf furmaata barbaaduuf kan mammaakamu ta’uu
isaati. Akkasumas mammaaksi jechootaa kan gurmaa’e waan ta’eef dandeettii jechootaallee
ni jabeessa.
Mammaaksi tokko dubbii keessa galee yaada dubbichaa yoo ibsu, caaseffama jechootaatiin
utuu hin ta’iin yaada jechoonni ofkeessaa qabaniin. Kanaafuu qabiyyeen mammaaksaa ergaa
inni dabarsudha.
Mammaaksi kan uummatni afaan tokko dubbatan aadaa, seenaafi duudhaa tokko qaban
dhuunfatan waan ta’eef qabatamaatti qabeenya gamtaa uummataa waan ta’eef kan inni
fayyadu gamtaa uummataadha. Kanumarraa ka’uudhaan beektonni tokko tokko yeroo waa’ee
faayidaa mammaaksaa dubbatanii fi barreessan akkas jedhanii qabxii yaada bal’aafi isa
dheeraa ta’e kaasu. “Mammaaksi jireenya hawaasummaa keessatti faayidaa qaba.” Jedhu.
Haaluma kanaan Finnegaan (1997:308) irratti akkas jechuun waa’ee faayidaa mammaaksa
yeroo ibsitu, “Dubbiin mammaaksaa hinqabne akka laafee foon hin qabneeti,” jechuun ibsiti.
9
Mammaaksi armaan olii akka fakkeenyaatti faayidaa mammaaksaa ibsuuf kaa’ame irraa
wanti hubatamu mi’eessituu hundaarra soogiddi mi’aawaa ittoof barbaachisaa akka ta’e,
mammaaksi haasaa hiika qabuufi gurratti tolu haasa’uudhaaf barbaachisaa ta’uu isaati.
Akkasumas, lafeen foon malee akka hintolle dubbiinis mammaaksa malee hinmi’aawu. Itti
dabalees, Fedhasaan (2013:57) irratti maanguddoota waabeffachuun akka ibsutti
“Maammaksi dubbii fidaa dubbii fixas” jechuun eereraa. “… Jaarsooliin waltajjii araaraarratti
namoota walitti fiduuf hedduu itti fayyadamu. Yogguu dhugaa basaan kan miidhameen
‘dhiis’ kan midheen ammo ‘kiis’ jechuun jaarsooliin maammaksaa faayadamu”jedha. Kan
jechuun, maammaksi dubbii kaasuufis ta’e dubbii ka’e tokko xumuruf gumaacha olaanaa
akka qabu nu hubachisaa. Kanaaf mammaaksi gorsa mul’isu garaagarummaadhaan
hojjechuun hafee yaadaan, hojiidhaan, dubbiidhaan tokko ta’anii akka hojjetaniif faayidaa
guddaa kan qabudha. Walumaagalatti mammaaksi bal’inaafi hedduminaan kan faayidaa irra
oole yoo ta’u innis yaad bal’aa ta’e tokko gabaabsee cuunfuun ciminaan dabarsuuf tajaajila.
Kana malees, jechoota muraasaan yookaan hima gabaabduu tokkoon dhaamsa cimaa
dabarsuuf kan humna guddaa qabudha
Kana jechuunis, kan dubbatuufi kan dhaggeeffatu yookaan caqasu jiraachuun dirqama
jechuudha. Haalli kunis bakka namni hinjirretti mammaaksi akka hindanda’amne nu
hubachiisa. Haa ta’uyyuu malee mammaaksi gorsa qabu kan mammaakamu yeroo namoonni
wal-lolan walitti araarsuuf, gorsuuf, akeekachiisuuf, barsiisuuf, hubachiisuuf, qajeelchuuf,
yeroo daboo wal gargaarsaafi bakka namoonni lamaafi isaa ol ta’anii dhaggeeffatanitti
maanguddootaan kan mammaakamu dha. Itti dabalees, namoota bilchinaafi dandeettii
qabaniin akkasumas ga’umsa waan sanaa kan qabaniin mammaakama. Haaluma
walfakkaataniin mammaaksi yoomessa daanga’aa akka qabaatu hubachuun ni danda’ama.
10
BOQONNAA SADII: MALLEEN QORANNICHAA
Malli qorannoo adeemsa qorannoon tokko itiin adeemsifamu dha. Kutaa kana keessatti
qoratichi qoranoo isaa fiixaan baafachuufi tooftaalee fi maloota odeeffannoo ittiin qaaccessan
keessaa qulquulleeffataan odeeffannoo argate ibsuun qaaccessee qulqulleesuun dhiyeessa.
11
3.5. Meeshalee funaansa Ragaa
Qorattoonni qorannoo kana gegeessuuf, odeeffannoo funaanuuf mala garaagaraatti dhimma
ba’aniiru.Innis haala qorattooni qorannoo isaanii kanagageessuf irratti galma nuuf ga’a
jedhani filataniin dhimman itti ba’uuf kan yaadani dha. Isaanis armaan gadiitti dhiyaataniiru.
3.5.1. Afgaaffii
Af-gaaffiin kan gageeffamu namoota baratanis ta’e namoota hinbaratiniif kan dhiyaatu dha.
Afgaaffii keessatti namootni odeeffannoo kennan dabaluu ykn irraa hirdhisuu nidanda’u;
fooyyessaniis ni dhiyeessu. Akkas jechuun kanneen hinbarannee odeeffannoo yommuu laatan
hanga yaadame kennuu dhisuu danda’u. Akkasumas kan gaafatamaniin ala kan biroollee itti
dabaluu ni danda’u. Namoonni nuuti odeeffannoo irraa fudhachuuf deemnu namoota 10 yoo
ta'aan.Iddattoo jiran keessaa mala iddattoo akkayyoo fi darbaa dabarsaa yoo ta'u mala
iddattoo akayyoo kan jedhamu kallattii mata duree filatameen nama odeeffannoo sirritti
kennuu danda'u yookaan dhimma mata duree offii wajjiin sirnoota jiran itti yaadanii
filaachuu dhaan odeeffannoo barbaachisoo ta'an karaa ittiin walitti qabataniidha.Malli
iddattoo darbaa dabarsaa immoo nama waa'ee mata duree tokko beeku irraa kaa'uudhaan
nama kan biraa dhimmicha caalmaatti beeku iyyaafachuuf iddattoo gargaaruudha..kanneen
baratan immoo yaada bilchaataa waan qabaniif foyyeessanii odeeffaannoo kennuu danda’u
jedhame kan yaadameedha.
Gosti af-gaaffii qorattoonni kun itti fayyadamu afgaaffii hin daangeeffaamnee dha. Sababi
gosti kun filatameefis waan gaafataman irratti hubannoo qaban karaa bilisa ta’een akka
kennanniif yaadameeti. Qorattoonni odeeffannoo gaafatamtootni kennanniif kan nutti ittiin
fudhannu barreeffamani. Sababni isaa yeroo namoonni odeeffannoo kennan sana yaada
isaanii qindeeffaachuuf waan mijatuufiif jedhameeti..
12
3.5.3 Xiinxala Dokumentii
Mallii kun daawwaannaa giddu galeessaa godhachuun miiraa odeeffannoo funaanuuf
gargaaruu dha. Kanaafuu qorattoonni hojii qabatamaa taasisuuf raga ittin funannachuuf
habuurraan isaa barbaachiseera. Bu’uuruma kanaan, bakka fi bakka cidhatti manguddoota
umuriin isaanii 60 olta'ee bira demuun haburraa geggeessuuf kan yaadanidha.Waan
daawwaatan dhaggeeffatn fi argaan keessaa kan kaayyoo qorannichaan walqabatu
fudhachuuf waan mijatuuf habuurraa banatti fayyadamna
13
BOQONNAA AFUR: ODEEFFANNOO QAACCESSUUFI HIIKUU
Seensa
Ragaa qaaccessuun odeeffannoo ragaa kennitoota irraa funaaname tartiiba isaa eeguun
xiinxaluudha. Ragaalee kanneen qaaccessuunis haala hawaas diinagdee isaanii keessatti
hawaasni gandichaa mammaaksota kenneenitti hiika itti kennan irratti hundaa’uun kan
qaacceffamanidha.
Hawaasni Oromoo Godina Wallagga Lixaa Aanaa Hoomaa kessa jiraatan gorsa isaanii
agarsiisuuf yookaan immoo gorsa waliif qaban ibsuuf bifoota garaagaraa kana keessaa tokko
mammaaksa gorsa fayyadamuun tokkummaa isaanii ibsatu. Mammaaksi gorsaa kunis
qabiyyee garaagaraa ofjalaa qaba. Qabiyyeewwan mammaaksa gorsaa kunis kanneen armaan
gadiiti.
Mammaaksa kana keessatti jirbiin wantoota dadhaboofi adda addaan yommuu ilaalaman
geeddaramsa yookiin immoo jijjiirama tokko fiduuf akka gatii hin qabnetti bakka bu'u. Arbi
immoo wantoota gurguddoo uumamaafi dandeettii isaanii abdachuudhaan sodaa tokkollee
akka hin qabne agarsiisa. Kanaafuu tokkummaan humna waan qabuuf, jirbiin garaagaraa
walitti dhufanii bineelda guddaa arba hidhan arguu dandeenya. Itti dabalees, sodaafi humna
dhabuun hanga gorsi hinjirretti ta’uu agarsiisa.
14
Asirratti gorsa dhugaatiif xiyyeeffannooon kennamu wanti barbaachiseef fakkeenyaaf adda
waraanaa yoo fudhanne namoonni yookaan loltoonni tokkummaatti amanan waraanatti
seenanii si’a wargeeman, tokkummaatti kan hinamanne dugda duubatti deebi’uun, diinaaf
booji’amuun yookaan diinaaf bitamanii biyyattii balaarra buusu. Yaanni jirbiifaan walqabate
kan biroon immo akkuma beekamu jirbiin gosa muka tokkoo irraa argamaniidha waan ta’eef
namni aadaa walii, safuu walii, afaan walii beekuufi dugda duuba tokkorraa dhufe rakkoo isa
quunname waliin ta’ee jalaa ba’uu danda’a.
Walumaa galatti, ergaan mammaaksa kanaa hanguma fedhe dadhabaa yoo ta’ullee,gorsa
qabaannaan salphaatti diina injifachuun akka dnada’amuufi tokkummaan kun diina waan
sodaachisuuf yookaan dadhabsiisa jedhamee waan yaadamuuf mootummaa sana salphaatti
kuffisa kan jedhudha. Kanaafuu, mammaaksi kun kan mammaakameef namoota
gadaantummaan isaan fudhateefi namoota mootummaa abbaa irree jalatti kufanii
bulaniifidha.
Gochaawwan gurmuun ilbiisotaa raawwatanitti gargaaramuun ifa taasisa. Tabba jechuun lafa
ol ka’aa yoo ta’u, ariitiidhaan humna wal fakkaatuun godaa ka’anii hanga gubbaatti deemuun
nama dadhabsiisa, Kanaafuu tabba tokko qaxxaamuruuf yoo xinnaate tokko lamatti
cabsachuun yookaan haara galfachuun miiltoo argatan faana haasa’aa deemuufi utuma
deemanii yoo beela’an nyaachuun rakkoo kana jalaa ba’uun ni danda’ama. Mixiin immoo
ilbiisota uumaa ishee xiqqoodha. Jireenyi ishees gurmuudhaan walitti tuutoftee wal duraa
duubaan yaa’uun tabba baati. Kan ilmi namaa tabba tokko ba’uuf mala kanaa olitti ibsametti
gargaaramuun jalaa ba’u, Mixiin immoo waliin ta’uudhaan tabba guddaa ba’uu akka
danda’an cimsee kan hubachiisudha.
Kanaaf, ergaan mammaaksa kanaa nama waliin tokkummaa uumuun akka jiraatuuf qofa
osoo hintaanee uumama mara biratti kan jiruufi rakkinoota garaa garaa jalaa ba’uuf
tokkummaan humna ga’aa akkanni qabu gadi fageenyaan kan hubachiisudha.
Manni wantoota fedhiilee ilma namaa isaan bu’uuraa keessaa isa tokkoffaa yommuu ta’u,
hojiin ilaalchi waliigalteen akka hojjetu gorsaa calaqisiisu dha. Yeroo ijaarsi manaa hojii
gamtaa waan ta’eef namootni akka walitti dhiyaatanitti wal gurmeessuun mana waliif ijaaru,
15
namootni ijaarsa mana kanarratti hirmaatanis kaayyoon isaanii waan tokko. Innis ijaarsa
manaa sana yeroo tokkotti xumuranii bakka sanaa deemuudha.
Mana ijaaruuf bu’uurri lafatu qophaa’a. Itti aansuun utubaan dhaabbatee bu’uurri isaa
naanna’ee ni dhaabbata. Kanaan booda jalli mana sanaa erga wal ga’ee booda, gubbaan isaa
ni ijaarama, ijaaruufis kanneen nama gargaaran citaa, sooyyoma, dagalee laaxaa (Falaxaa),
hidda,mismaaraafi kan kana fakkaatanidha.
Haaluma kanaan namni mana ijaaru qofaa isaa hin ijaaru waan ta'eef jiraattota naannoosaa
jiraatanitti guyyaa tokkotti daboo itti himachuudhaan mana sana ijaaaruuf erga walitti
qabamanii booda namoonni gurmuudhaan mana sana ijaaruuf. Haaluma wal fakkaatuun citaa
mana kana ejjeeraa jiran ammo walsaamuutti yeroofi citicha akka hin qisaasessineef
namoonni hojii sanarratti qooda fudhatan marti isaaniiyyuu waliin deemu. Akkasumas
waliigalteen dalagaa isaanii raawwachuu akka qaban gorsuuf mammaaksa kanatti
fayyadamu.
Akkuma beekamu harmootiin keenya yeroo gara sadarkaa of dadhabuurra ga’an yookaan
yeroo sadarkaa dullumaa keessa galan bakka buna dhuganitti haa ta’u, daandii irra deeman
waliin dubbii isaanii sana keessatti maqaadhaan wal waamu osoo hintaane akka ijoollee
durbaatti intaloo waliin jedhanii wal waamu yookaan walitti kan haasa’aniidha.
Haa ta’u malee, jechi “intaloo” jedhu akka aadaa oromootti shamarree osoo hineerumiin
mana warraa yookaan immoo haadhaafi abbaa ishee bira jirtu qofaatu ittiin waamama.
16
qabuudhaan qodaa yookaan gaagura keessatti damma kan jedhamu bakka tokkichatti walitti
qabuudhaan dararaa biqilootaa kanarraa wal gargaaruudhaan waliin ta’anii damma kan
jedhamu kana dhaabu.
Kun gabaabumatti kan inni ibsuu barbaade dhimma armaan olitti eeraman kana qofa osoo
hintaane keessa lixnee gaafa ilaallu dhala namaa kan ta’e hundumtuu yoo walii galteedhaan
hojii tokko waliin kan hojjetu ta’e waan gurmuudhaan hojjetu sana immoo bifa
qusannoodhaan bakka tokkotti walitti kan qabatanidha.
Akkuma mammaaksa armaan olii-kana irraa ibsamuuf yaalametti namni tokko yoo namoota
kan biraadhaan walii galtee kan qabu yoo ta’e yookaan immoo gorsa yoo qabaate waan
jallina tokkorraa akkanni deebi’u hubachuu dandeenya.
Haa ta’uyyuu malee, namni walii galtee namoota kan biroo wajjin hinqabne akkasumas
namni yaada mataasaa duukaa bu’ee adeemu tokko rakkoo isatti dhufu jalaa ba’uu akka
hindandeenye yaada armaan olii kanarraa hubachuu dandeenya. Akkasumas gareedhaan
waliin mari’atanii waan tokko hojjechuun rakkoo garaa garaa irra akkanni nama baraaruu
hubachuun ni danda’ama.
Walumaagalatti, mammaaksi namni maree qabu waan hamaatti hin fiigu kan jedhu kun ergaa
inni dabarsuu barbaade gadi fageenyaan yoo kan xiinxallu taane, namni tokko qofaa isaa osoo
hin taane namoota lamaafi isaa ol ta’anii wajjin mari’achuun hojii tokko jalaa ba’uu akka
danda’u hubachuu dandeenya.
Mammaaksi armaan olii kun yaanni inni jechuu barbaade akkuma beekamu yeroo midhaan
nyaata ilkaan gajjallaafi gararraa walitti dhufuun midhaan yeroo afaan keewwatan midhaan
nyaatamu sana bulleessuudhaan unkuteessanii akkanni qoonqootti rakkatee hinhafne kan
godhanidha. Haa ta’u malee, ergaa mammaaksi kun jechuu barbaade gaafa xiinxallee ilaallu
akkuma ilkaanni walitti hirkattee midhaan nyaattu, namnis walitti hirkate malee diinasaa
ofirraa ari’uu akka hin dandeenye cimsee kan nu hubachiisudha.
17
4.1.2. Makmaaksota Hariiroo Hawaasummaa Ibsan
Qophaa Nyaattuun Qophaa Duuti
Mammaaksa akana keessatti barbaachisummaa gorsa hariiroo namni tokko hawaasa waliin
qabu ifa godhee addeesseera. Sadarkaalee ilma namaa keessatti hawaasi jiraachaa ture
gamtaafi hariiroo ciminaan walii wajjin jiraachaa turuun fuduraaleefi kuduraalee bosonaa
gamataa ijaaruun barbaaddachaa, bineeldota bosonaa adamsanii qabachaa, bineeldota hamoo
kaanirraa ofittisuuf namoonni gamtaafi gurmuudhaan socho’aa turaniiru.
Namni tokko jiruufi jireenya isaa keessatti waan guyyaa guyyaatti ta’u waliin hiriireetu
geggeeffata. Akkasumas rakkoolee adda addaa irraa ooluuf jecha namni tokko wanta qabu
hawaasa naannoo isaa waliin rakkootii namoota rakkatan oolchuudhaan hawaasa naannoo
isaa jiru waliin hirmaachuun namni sun jiraachuuf jecha hawaasaa wajjin walii galuu qaba.
Namni tokko haala gaarii keessa hamma jirutti hawaasa nannoo isaa wajjin walii hin galuu
yoo ta’e yeroo rakkoon nama sana irra ga’u nama birmatuuf dhaba. Akkasumas namni sun
hawaasa sana wajjin walii hin galu yoo ta’e yookaan hariiroo gaarii hin qabu yoo ta’e
liqeeffatee bara rakkinaa darbuu hin danda’u. Ergifatees ooluu hin danda’u, akkasumas yoo
du’ullee boo’icha gaariifi bakka awwaalaallee argachuu dhiisuu dnada’a.
Walumaa galatti ergaan nuti mammaaksa kanarraa hubachuu dandeenyu namni yommuu
rakkina nama wajjin hinrakkanne yeroo rakkoon isarra ga’u qofaasaa akkanni rakkina sanaan
liqinfamee mo’amu hubachuu dandeenya kanaaf Oromoon namoota qofaa isaanii jiraachuu
barbaadan saaxiluuf jecha mammaaksa qophaa nyaattuun qophaa duuti jedhutti gargaarama.
Gabaabaadhumatti, ergaan mammaaksa kanaa inni guddaan rakkoo tokko keessaa yookaan
iyyummaa keessaa ba’uuf jecha namni tokko hojii tokko dalagee wanta dalage sanammoo
bifa qusannootti fayyadamee yoo waan hojjetu sana walitti kan qabatu ta’ee namni sun booda
walitti qabatee sooromuurraan kan ka’e rakkoo isatti dhufu keessaa akkanni ba’u
mirkaneeffachuu dandeenya. Namni wanta hojjetu walitti kan qabatu yoo ta'e waan guddaa
18
jireenya isaanii keessatti akka biyyaatti yookaan immoo akka addunyaatti wanta ija namaatti
ajaa’ibsiifaman hojjechuu akkanni danda'u yaada armaan olii kanarraa dabarsuu barbaadeeti.
Mammaaksa armaan olii kana irraa akkuma hubannu wal gargaarsi aadaa Oromoo keessatti
beekamaadha. Haa ta’u malee akka aadaa naannoo keenyaatti Oromoon Wallagga Lixaa
Aanaa Hoomaa keessatti hojiilee adda addaa kanneen akka mana ijaaruu, buna funaanuu,
boqoolloo quncisuufi daagujjaa haamuu wal ta’uudhaan waliin hojjetu. Daboon Oromoota
biratti keessumaa immoo Oromoo Wallaggaa keessaa akka aanaa kanaatti sababoota
garaagaraan yookaan sababoota baay'eef jecha isa jaallatamaafi isa tokkoffaadha.
Fakkeenyaaf, namootni dadhaboo ta’an akkasumas kan gargaarsa hin qabne midhaan
isaaniitti bokkaa hamaan yeroodhaan makara keessa yoo roobe namoonni nannoo walitti
yaa’anii namoota dadhaboofi nama gargaarsa hin qabne ni gargaaru.
Mamaaksa kana keessatti harmootiin sa’a dhalteef yeroo elman aannan qabee qoraasanii
akka itti naqan beekamaadha. Kunis fooliin isaa akka hin banneef qoraasuma, kefoo, k.k.f.
fayyadamuun qabee qoraasu. Namni sa’a tokko qabu kan sa’a sagalii ykn kan isaa olii
qoraasuu hin qabu kana goonaan qusannoo miti waan ta’eef qabeenya isaanii miidhu ta’uus
hin qabu.
Waluuma galatti ergaan mamaaksa kanaa hanga humni isaa danda’u malee namnni humnaa
olitti akka hin hojenne, humnaa ol taanaan miidhaa sammuu fi jireenya borii keessatti of
eggannoo waan hin qabneef miidhama irra ga’uuf booda gaabbiin dhufa. Kanaaf qusanoona
qabeenya ofiitti gargaramuun akka humnaatti akka ta’e hubachiisa.
Makmaaksi kun kan ibsu namni qabeenya isaa kuusee irraa hafaa ka'atee ykn irraa hafaatti
nyaachuun barbaadu of bira dabarsee yeroo rakoof jedhee ka'atee itti fayyadamuuf kan inni
godhuudha.Namni irraa hafaa ka’ata utuu hin taane bor na dhiba jechuun of hagabsee isa
ka’ate booda itti gargaaramuu dha.
19
Walumaa galatti ergaan makmaaksa kanaa namni yeroo hojjetu jabaatee hojetee akka inni isa
booritiif waan ka’achuu malaa ka’atee bor hin rakkaneef yeroo haalli hin miijanne illee akka
inni olka’atu gorsuuf kan mamaakame dha.
Mamaaksa kan keessatti kan muldhatu namni qeerransa egee qabe gadhiisun rakkisaa akka
ta’e ibsa. Qeeransi akkuma beekamu hamaa, aaraa, Miidhaa hamaa kan gageessu ta’uun isaa
beekamaa dha. Kanaaf namni qeeransa eegee qabe yoo jabaate malee gadhiisnaan ni
nyaatama. Erga qabamee aaree waan jiruuf nama maaruu hin danda’u. Gadhiisuuirra
jabeessanii qabuutu irra filatama. Murtiin hojjechuu akka qabu hubachiisa.
Ergaan makmaaksa kanaa hojii tokko namni erga jalqabee jabaatee akka hojjetu hojichas
akka hojjetu, hojjennaanis akka milkaa’u hubachiisa. Humna isaan ol yoo ta’e daboo
kadhachuun jabaatee akka hojjetu hubachiisaa ciminni barbaachisaa ta’uu isaa ibsa.
Makmaaksa kan keessatti wanta tuqamu utuu adda hin baafatiin akka hin tuqne nu
hubachiisa.Fakkeenyaaf namoonni naannoo kana jiraatan nyaata bilcheefachuuf wantoota
garaa garatti fayyadamu. Isaan kaan qoraanitti, cileetti, akkasumas humna ibsaatti
gargaaramu. kana keessatti abidda yeroo gargaaraman namoonni naanoo badiyyaa muka,
Laaftoo jedhamutti gargaaramu. Mukti kun erga barbadaa ba’ee turtii keessa daaraa ta’aa
dhufa. Namni yoo dhaqee xuqe abidda waan qabuuf ni guba. Daaraa isaa malee abidda isaa
waan hin argineef kanaaf utuu hin tuqiin adda baafachuu barbachisa.
Walumaa galatti ergaan makmaaksa kanaa namni utuu waa adda hin baafatiin akka keessa
hin seenne hubachiisa. Kanaaf namni kamuu waan alaalatti arge dubbii ta’uu waan danda’uuf
osoo adda hin baafatiin yoo keessa seene miidhaan waan irra ga’uuf duraan dursanii
ilaalachuun barbaachisaa akka ta’e ibsa.
20
Namni qoratti bulfatu dubbii hambifata
Mammaaksa kana keessatti akka ibsamutti namni qoraattiin gara galgalaa yoo waraantee
ciniinnatee bulfatee ganama yeroo lafti bari’uu baafata. Sababni isaas yoo halkaniin
baafachuuf yaale iddoo malee of waraanuu danda’aa. Yookaan immoo of keessatti cabsuu
danda’aa. Akkasuma namni yoo dubbii akkuma dhaga’ee yookaan itti dhufetti yoo keessa
seenee midhamu danda’a. Yoo hambifatee garuu yaada isaa naanneeffatee miidhama irraa
hafuu
danda’a. Walumaa galatti ergaan mammaaksa kana namni yoo dubbii dhaga’ee yookaan
dubbiin itti dhufee hariifatee keessa seenuun barbaachisaa akka hin taanee
ibsa.
Mammaaksi kun kan ibsu namni yeroo sirbu akkaataa itti sirbuufi dandeettii qabuun akka
sirbu hubachiisuuf kan dhiyaate dha. Akka namaattin sirba yoo jedhe miidhaan waanirra
ga’uuf miidhama irraa hafuuf akka beekuu fi dandeettii isaatti sirbuu akka qabu ibsa.
Ergaan makmaaksa kanaa namni kamuu akka humnaaf dandeettii isatti bula malee akka
nama biraatti buluu waan hin dandeenyeef akeekachiisa kenna. Humnaa ol yoo ta’e garuu
miidhamni irra waan ga’uuf isa boriif yaaduun of eggannoon akka jiraatan gorsaa barsiisa.
Mammaaksota kan keessatti qufaanis ta’ee daakuun hanga humnaatti ta’uu akka qabu ibsa.
Qufaa yoo ilaalle namni humnaa oliitti yoo qufa’e miidhaan irra ga’uu waan danda’uuf
miidhamni akka irra hin geenyeef harkifatanii qufa'uun akka irra hin jirre
hubachiisa.akkasumas daakuun yeroo bukaa’u hammaa olitti bishaan yoo itti namme
faayidaan ala waan ta’uuf hamma inni barbaachisu qofa itti naqanii akka bukeessan
hubachiisa.
Ergaan makmaaksa kanaa namni hanga humnaatti malee humnaan ol akka hin jiraanne
humnaan ol yoo jiraate miidhamuu akka danda’u hubachiisa.
21
4.1.7. Yerootti Fayadamuun Barbaachisaa Akka Ta’e Agarsiisuuf
Gabaa galtetti harree hin oofan
Makmaaksa kan keessatti namni bite gurguruuf gara gabaa kan deemu yeroon. Erga gabaan
galtee dhaquun ykn harree gabaatti geessuun gurguruu waan hin taaneef yeroon geessuun
barbaachisa akka ta’e hubachiisa. Yeroon gabaa ganama yoo ta’e galgala yoo dhaqe gabaan
wal bira darbaniiru waan ta’eef bitanii gurguruun hin danda’amu.
Mammaaksa kana keessatti namni biqila naqu kan inni hafu aduutti waan ta’eef adun utuu
jiruu biqila kana aduutti baasuu qaba.
Kana ta’uu baannaan biqilli hafame goguu waan hin dandeenyef ofumaa alatti gadi basu
kunis kan ibsu yeroon hojjechuun barbaachisa akka ta’e ibsa.
Akka mammaaksi kun jedhutti namni yeroo bakka biraa deemu yeroo itti deemu ilaalachuu
qaba. Yeroon ka’uu dhiisee guyaafatee yoo ka’e aduun itti waan dhiyuuf rakoo keessa bu’uu
danda’a. akkasumas namni gabaa deemu yeroon yoo dhaqe malee waan bitu ni dhaba. Kunis
yerootti fayyadamuu dadhabuu dha. Kanaaf namni kamuu yerootti fayyadamuu qaba.
Haaluma wal fakkaatuun, wanta tokko wasaasaa qabuuf, harkaan qabatanii qoraan falaxuuf,
yookaan jigsuuf, uccuu miccuufi cuunfuuf akkasumas dalagaalee kanneen kana fakkaatan
22
raawwachuuf qubni tokko waan humna hin qabneef harki keenya lamaan wal gargaaruun
humna waliif ta’u. Yommuu kana uccuu miiccinee xurii keessaa baasuu ni dandeenya.
Walumaa galatti, qaamonni namaa qubni, harki, arrabniifi kan kana fakkaatan. qofa qofaa
ta’uun dalagaalee jiruufi jireenya ilma namaaf bu’uura kanneen ta’an raawwachuu waan hin
dandeenyeef nama tokko nama guutuu hin taasisan. Kanaaf mammaaksi olitti ibsaman kan
mammaakamaniif qaamni keenya walitti dhufanii hojii bu’aa qabeessa akkuma hojjetan,
namoonni tokko ta'uufi wal gargaaruun jiruufi jireenya isaanii fooyyeffaatu ergaa jedhu qaba.
Akkasumas qaamni garaagaraa walitti dhufanii waan tokko akka isaan hojjetan ergaa cimaa
kan dabarsudha malee qaamni tokko qofaa isaatiin waan tokko akkanni hin dandeenye
mammaaksi armaan olitti ibsame ergaa cimaa ni dabarsa.
Jiruufi jireenya dhala namaa keessatti akkuma beekamu sadarkaa garaagaraatiin inni tokko
isa tokko caaleetu argama.
Namootni akkaataa sadarkaa isaaniitti namoota kabajuufi yeroo mana walii deeman wal
keessumeessa xinnaan hangafa isaa isa ta’e namoota sadarkaadhaan isaanii ol jiran kabajuun
Aadaa Oromoo keessatti isa beekamaadha.
Haa ta'u malee, waliigaltee namoonni qaban wal bira qabnee ilaaluun namoota waliigaltee
qabaniif bakka guddaa kenneefii jaalalli jiraatee hagabuu yoo bulanillee keessi namaa waan
gammaduuf walii galteen irra caalaa fialtamaa ta’a. Nama waliin jiraachuun barbaachisaa
akka ta’e ciminaan ibsa. Haaluma kanaan akkuma beekamu utuma wal-kabajuu, utuma walii
walii isaa keessummeessuu yeroo tokko tokko yookaan darbee darbee walitti bu’uu ni
danda’a. Namni tokko jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti bakka hojiittis haa ta’u,
bakka garaa garaatti walittti bu’a, wal lola, akkasumas yaadaan garaa garaa ta’uu ni danda’a.
23
Mari’atanii Bishaan Gaayyaa Gadi Naqu.
Mammaaksa armaan olii irraa wanti nuti hubachuu dandeenyu gaayyaa kan jedhamu
jaarsoliin kan xuuxan waan ta’eef, yeroo gaayyaa kana xuuxanii raawwatan darabee
darabeedhaan bakka mana dhugaatii yookaan mana haraqeetti waan xuuxaniif, yeroo inni
tokko xuuxee raawwatu inni kan biraan immoo harkaa fuudhee xuuxuuf utuu namni kan
biraan immoo harkaa fuudhee hin xuuxiin inni duraan xuuxaa ture sun bishaan gaayyaa kana
keessaa gadinammuu qaba miti jedhee isaan gaafata yeroo kana jaarsoliin bakka mana
dhugaatii jiran sun maarree gadi nammuu qaba malee isa xuuxamee wajjin kennitaafii
jedhanii walii galteedhaan bishaan gaayyaa sana keessa jiru gadi naqanii walii kennu.
Yommuu kana inni harkaa fuudhee xuuxuuf jedhu immoo tamboo kan jedhamu erga
qopheeffatee booda gaayyaa sanatti bishaan qulqulluu itti naquudhaan barbadaa ibiddaa
waammatee gaayyaa sana xuuxuu jalqaba.
Walumaagalatti, ergaan mammaaksa armaan olii nuuf dabarsuu barbaade wanta tokko walii
galteedhaan hojjetanii waliin jiraachuun maal akka ta’e kan nutti mul’isudha. Itti dabaluun
bishaan gaayyaa sana keessaa qulqulluu waan hintaaneef, wanta qulqulluu hin taane sana
waliigalanii gadi naquun akkasumas, wanta miidhaa namatti fidu tokkorraa walii galteedhaan
akka irraa deebi'aniif waliigalteen maal akka ta'e akkasumas faayidaa hammamii akka qabu
ciminaan kan nu hubachiisudha..
Mammaaksi armaan olii kun ifa godhee kan inni dubabchuu barbaadu, akkuma beekamu
namni gowwaan namootaan yookaan kanneen abshaala ta’aniin mare yoo qabaate namni kun
gowwoonfamuu akka inni hin dandeenye, huabchuu dandeenya. Itti dabaluudhaanis namni
tokko qofaa isaa yaadaan wanta tokkotti dhiphachuurra namoota lama yookaan immoo
namoota sadiifi isaa ol kan ta’aniin mare yoo qabaate namni kun gowwummaa hin qabu
jedhama. Garuu qofaa isaa ta’ee yaadaan ni dhphata yoo ta’e namni sun gowwaadha. Kanaaf
namni namaan mare qabu gowwaa miti kan jedhuuf mammaaksi kun mammaakame.
Mammaaksi kun kan inni ibsu akkuma beekamu rakkoolee adda addaa nama mudatan wal
ta’uun rakkoo sana keessaa akka ba’an kan nama hubachiisudha. Haa ta’u malee wal ta’uuf
walii wajjin jiraachuun hawaasa Oromoo biratti sadarkaa maatiirraa jalqabee hanga olloota
naannoo jiraniitti kan beekamudha.
24
Gama biraatiin immoo, walii wajjin jiraachuun, akkasumas wal ta’uun, gamtaa uumanii
waliin deemuun, bineensota biratti darbee darbee kan mul’atudha.
Gabaabumatti, ergaan mammaaksa kanaa waan guddaa tokko qabaatanii gorsa dhabuurra
akkasumas qabeenya tokko qabaatanii waliigaltee dhabuurra, harka qullaa yookaan waan
tokkollee ofharkaa dhabanii yaadaan tokko ta’uun akkasumas waan xiqqoo qaban irratti
waliigaluun barbaachisaa akka ta’e ciminaan kan nu hubachiisudha
Namoonni yeroo firri yookaan namni isaan baay’ee jallatan isaan biraa du’uu(boqotu)
baay’ee mararaamni bo’uu. Yeroo kana maanguddoonni jajjabeessuu dhaaf ta’aan
mammaaksa kanaan gorsu. Dhadhaan ibidda bu’ee deebi’ee hin argamu. Namni boqote kunis
deebi’ee isaan biratti argamuu waan hin dandeenyeef akka isaan jajjabataniif ittiin gorsu.
Ergaan mammaaksa kanaa namni harka qalleessii tokko gaafa cidha geggeeffatuu hawaasni
isa waliin tokkummaa qabaatan marti dhangaa xinnoo waliin ga’uun cidhicha geggeessuufiin
akka danda’amu ibsa.
Tajaajila inni kennu irratti hundaa’uun bakka yookaan iddoo inni itti dubbatamu beekuun ni
danda’ama.
Mammaaksonni gorsa kun yeroo namni wal lolu, yeroo daboo wal gargaarsaafi gorsa
agarsiisuuf kan mammaakamudha. Kanaafuu, mammaaksi gorsa mul'isu bakkaafi yeroo
akkanatti ta’uu qaba jedhamee kan daangeffame utuu hin taane bakka dhimmi isaa ilaalutti
kan mammaakamanidha.
25
4.5. Mammaaksi Gorsa Mul’isu Maanguddoota Durii Fi Dhaloota Ammaa Biratti Maal
Akka Fakkaatu Ibsuu.
Qorattoonni maanguddoota irraa odeeffannoo akka argatanitti, mammaaksi gorsa
maanguddootaa yookaan jaarsolii biratti olaantummaa kan qabuufi haala gaariidhaan kan itti
fayyadamanidha. Haa ta’u malee, dhaloonni ammaa garuu mammaaksatti fayyadamaa kan
hin jirreefi ilaalchi isaan mammaaksa irratti qaban baay’ee gadi bu’aa ta’uu isaa
odeeffannoon jaarsolii biyyaarraa ciminaan argameera. Haa ta’uyyuu malee, dhaloonni
boodanaa kun sababni isaan mammaaksatti fayyadamuu dadhabaniif sababa babal’ina
teeknooloojiifi aadaan saba ormaa amantii garaagaraa keessaa kan mataa isaaniitti
fayyadamuun afoola hawaasa ofii isaanii dagachuu danda’aniiru.
26
BOQONNAA SHAN: CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO
Seensa
Boqonnaa kana jalatti odeeffannoowwan kuufaman irratti hundaa’uun argannoowwan
argaman cuunfamaniiru. Odeeffannoowwan funanaanamanii hiikaman kanaaf immoo yaada
furmaataa in ta’u kanneen jedhaman ibsamaniiru.
5.1. CUUNFAA
Qorannoon tokko yommuu geggeeffamu kaayyoo mataa isaa danda’e qaba. Innis dandeettii
hubannoo gama aadaa og-barruufi afoolaa hojii irra oolchuufi rakkina isaan dalagan aadaa
keessatti furmaata barbaachisoo itti kennuuf nama gargaara.
Haa ta’u malee, qorattoonni kun odeeffannnoowwan funaaanaman irratti hundaa’uun goolaba
yookaan guduunfaa armaan gadiitti kaa’aniiru. Haa ta’u malee, qorattoonni kaayyoo
qorannoo isaanii galmaan gahuuf hamma danda’ameen dhiyeessaniruu
Tokkoffaa , mammaaksota waan tokko irratti xiyyeeffatan akkamitti haala qabatamaa adda
addaa keessatti hiikni itti kennamu xiinxaluun ni dnada’ama. Lammaffaa, falaasamoota adda
addaa Oromoon itti dhimma ba’ee dhaloota ittiin barsiisaa ture huabchuuf nama gargaara.
Gara birootiin immoo, dhalootni ammaa mammaaksota bifa kanaan xiinxalanii kaa’aman
kunneen sirna barnootaa keessatti gadi fageenyaan akka baratan yookaan waliin dubbii
keessatti bal’inaan fayyadaman gargaara.
5.2 Argannoo
Qorannoo geggeeffame keessatti argannoon argame haala ifaa ta’een barreeffamee
dhiyaateera. Qorattoonni qorannoo geggeessan keessatti mammaaksa Oromoo gorsa argisiisu
qaacceessani dhiyeessaniiru. Kana keessatti mammaksa gorsa argisiisan haala hubannoo
nama gonfachisuun ragaa qubsaadha jedhu argachuun qindessanii dhiyessaniiru.
27
Ragaa qaacceessan keessatti mammaksa gorsa argisiisu ergaa inni qabu waliin, maaliif akka
mammakaman, eenyuufi eenyuun akka mammakaman haala jiruun qaacceessaniiru.
Namoonni ergaa inni qabun yeroo dhimma bahan haala jiruu fi jireenya hawaasummaa
keessatti hariiroo jireenya hawaasummaa gaarii akka qabataniif, qusannoon qabeenya
isaaniitti akka gargaramaniif, jabatanii akka hojjetaniif, dubbii irraa akka of qusataniifi akka
humna isaaniitti akka bulaniif mammaksa gorsa argisiisaniin gorsu.
5.3. Yaboo
Qaaccessa Qorannoo isaa ragaalee madden garaagaraa kanneen akka maanguddoota biyyaafi
bareeffamoota adda addaa irraa walitti qabaman xiinxaluudhaan qabiyyee qabiyyeedhaan
mammaaksa Oromoo gorsa agarsiisan tursuun haala itti danda’amu asiin gaditti dhiyaatee
jira. Yaadonni yaboo kaa’amanis gabaabinaan akka armaan gadiitti kaa’amaniiru.
Mammaaksi gorsa agarsiisu faayidaa inni kennu akkuma gosoota mammaaksaa warra
kaanii osoo beekamee gaarii ta’a.
28
Walumaagalatti qaamonni hawaasaa hundinuu osoo irraa of hin qusatiin faayida mammaaksa
hubatanii dhimma itti ba’uun badii gara fuula duraatti irra ga’u jedhamee shakkamu irraa
ooluuf ni abdachiisa.
29
WABIILEE
Biiroo Aadaafi Beeksis Oromiyaa, (1991). Wiirtuu Jildii 4ffaa.Gumii Qormaata Afaan
Oromoo Finfinnee
Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa. (1991). Gumii Qormaata Afaan Oromoo wiirtuu,Jildii
5ffaa. Finfine
Fedhesaa Tadesaa, (2013). SUBI: Barrulee Orgbaruu Oromo. Finfinnee: subi priting press.
Geetachoo Rabbirraa (1996) Furtuu . seer luuga Afaan oromoo A.A International
30
DABALEE I
Afgaaffiifi Marii Garee
Gaaffiin afaaniifi marii garee armaan gadii kan hawaasa aanaa Hoomaa qophaa’edha.
Kanaaf hanga isiniif danda’ametti deebii yaada mataa keessanii akka nuuf laattan kabajaan
isin gaafanna.
5.Mammaaksi gorsa mul'isu maanguddoota duriifi dhaloota ammaa biratti malii fakkata?
31
DABALEE II
Namoota Qorattoonni Odeeffannoo irraa argatan
32