You are on page 1of 98

Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

01
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

i
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Afaan Oromoo
Kitaaba Barattootaa
Kutaa 7
Barreessitoota
Darajjee Raggaasaa
Abdiisaa Ayyaanaa
Gulaaltota
Mitikkuu Dibbeessaa
Mokonnon Dhaabaa
Madaaltota
Abdiisaa Gannatii
Dastaa Taaddagaa
Waaqumaa Waamii
Yaneenash Saamu’eel
Seecca’oota
Dajanee Galataa
Damee Abarraa Baacaa
Ogeessa Giraafiksii
Joonaataan Girmaa
Ogeessa Fakkibsaa
Buzaayyoo Girmaa

ii
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

© Biiroo Barnootaa Oromiyaa, 2014/2022

Kitaabni barnootaa Afaan Oromoo kutaa torbaa kun walta’iinsa Biiroo Barnootaa
Oromiyaafi Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Jimmaatiin bara 2014/2022 qophaa’e.
Mirgi abbummaa kitaaba kanaa seeraan eeggamaadha. Hayyama Biiroo
Barnootaa Oromiyaatiin ala guutummaanis ta’e gamisaan maxxansiisuus ta’e,
baay’isanii raabsuun seeraan nama gaafachiisa.

iii
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BAAFATA
MATA DUREE FUULA

BOQONNAA 1: UUMAMA DINQISIIFACHUU......................................... 1


Holqa Soof Umar ......................................................................................................... 2
Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo .............................................................................................4
BOQONNAA 2: KAROORA MAATII ......................................................... 11
Faayidaa Karoora Maatii............................................................................................ 12
Karoora Maatii............................................................................................................. 14
BOQONNAA 3: WALITTI DHUFEENYA HAWAASUMMAA ................22
Faayidaa Gamtaan Hojjachuu ................................................................................... 23
Daboo .......................................................................................................................... 25
BOQONNAA 4: AARTISTOOTA OROMOO.............................................. 31
Aartistii Alii Birraa...................................................................................................... 32
Aartistii Haacaaluu Hundeessaa............................................................................... 34
BOQONNAA 5: BISHAAN ........................................................................... 41
Faalama Bishaanii ..................................................................................................... 42
Seera Fayyadama Haraa-Eelaa.................................................................................. 44
BOQONNAA 6: AFWALALOO.................................................................... 49
Weedduu Fuudhaafi Heerumaa................................................................................ 49
Geerarsa....................................................................................................................... 51
BOQONNAA 7: TOLA OOLTUMMAA....................................................... 56
Abbabach Goobanaa.................................................................................................. 57
Tola Ooltummaa........................................................................................................ 59
BOQONNAA 8: MIIDHAA ARAADAAN QABAMUU.............................. 66
Miidhaa Dhugaatii Alkoolii....................................................................................... 67
Miidhaa Araada Miidiyaa Hawaasaa........................................................................ 69
BOQONNAA 9: JAALALA BIYYAA........................................................... 73
Biyya Ofii Jaallachuu................................................................................................... 74
Hayilemaaram Gammadaa....................................................................................... 75
BOQONNAA 10: GODAANSA NAMOOTAA............................................ 82
Godaansa Bortolaa..................................................................................................... 83
Miidhaa Godaansa Seeraan Alaa............................................................................. 84
Jechibsoo......................................................................................................... 92

iv
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BOQONNAA 1
UUMAMA DINQISIIFACHUU
Mata duree boqonnaa kanaa ‘Uumama Dinqisiifachuu’ jedhu jalatti dubbisa
mata dureen isaa ‘Holqa Soof Umar’ jedhu nidhaggeeffatta. Dubbisa mata dureen
isaa ‘Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo’ jedhu ammoo, nidubbista. Kana malees,
barannoowwan adda addaa mata dureewwan kanneen bu’uura godhachuun
qophaa’an kanneen akka barreessuu, fayyadama jechootaafi caaslugaa nibaratta.
Kanaafuu, xiyyeeffannoon hojjachuun sirraa eegama.

Bu’aalee barachuu

Xumura barannoowwan boqonnaa kanaatti:


• barruu siif dubbifamu dhaggeeffachuun yaada callaafi ijoo nihimta;
• dubbisa dhiyaate dubbisuun yaada callaafi ijoo addaan nibaafatta;
• uumama garagaraa nidinqisiifatta;
• keeyyata nibarreessita;
• jechoota sagalee dheeraa, gabaabaa, jabaa, laafaa, irra butaafi hudhaa of
keessaa qabanin yaada himaa niguutta;
• gaalee Afaan Oromoo addaan nibaafatta.

1
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 1: Dhaggeeffachuu
Holqa Soof Umar

Gilgaala 1
A. Dubbisa siif dubbifamu dhaggeeffachuun dura gaaffilee asii
gadii afaaniin deebisi.
1. Iddoowwan dinqisiisoo Oromiyaan qabdu kamfaa beekta?
2. Waa’ee Holqa Soof Umar maal beekta?
B. Hiika jechoota asii gadii tilmaami.
1. holqa __________________________
2. dawoo _________________________
3. moggaasa ______________________
Gilgaala 2. Gaaffilee asii gadii dubbisa siif dubbifamu dhaggeef fachaa
deebisi.
1. Holqi Soof Umar _____fi ____ keessatti argama.
2. Holqi Soof Umar kiiloomeetira ______dheerata.
3. Warri adii holqa kanaan______ jedhu.
4. Lagni Holqaa Soof Umar keessa qaxxaamuru ________jedhama.
Gilgaala 3. Gaaffilee asii gadii afaaniin deebisi.
1. Namoonni holqichaan ‘Adunyaa lafa jalaa’ yommuu jedhan maal ibsuu
barbaadaniiti?
2. Wantoonni holqa Soof Umar ajaa’ibsiisaa taasisan maal fa’i?

2
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

3. Dubbisa waa’e Holqa Soof Umar dhaggeeffatte irraa maal dinqisiifatte?


Maaliif?

Barannoo 2: Dubbachuu
Gilgaala 4. Gaaffilee asii gadiirratti gareem mariyachuun deebisaa.
1. Holqi Soof Umar bu’aa inni naannoo keenyaafis ta’e biyyaaf qabu
maal fa’i?
2. Hambaaleen dinqisiifattan, fakkeenyaaf gaara, holqa, ijaarsa duriifi
kanneen kana fakkaatan kan naannoo keessanitti argaman maal fa’i?
Barannoo 3: Dubbisuu

Gilgaala 5
A. Gaaffilee asii gadii dubbisa dhiyaate dubbisuun dura deebisi.
1. Fakkiilee asii olitti dhiyaatan irraa maal hubatte?
2. Waa’ee ardaa jilaa maal beekta?
3. Waa’ee Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo dhageessee beektaa?
B. Hiika jechoota asii gadii tilmaami.
1. ardaa jilaa ________________
2. wiirtuu ___________________
3. woyyuu __________________
Gilgaala 6
A. Gaaffilee armaan gadii dubbisa dhiyaate dubbisaa deebisi.
1. Ardaan Jilaa Me’ee Bokkoo eessatti argama?
2. Gaaleen ‘….wiirtuuleen kunniin….’ jedhu maal bakka bu’a?
A. wiirtuu siyaas-dinagdee Oromoo C. wiirtuu amantii Oromoo
B. wiirtuu hawaasummaa Oromoo D. hunduu deebiidha.

3
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

3. Bal’inni lafaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo hektaara meeqa?


4. Gujiin Ardaalee Jilaa meeqa qaba?
5. Ardaan Jilaa Me’ee Bokkoo wiirtuu siyaas-dinagdeefi
hawaasummaati.  A. dhugaa B. soba
B. Dubbisa dhiyaate dubbisaa gabatee armaan gadii odeeffannoo sirrii
ta’een guuti.
Ardaalee Wiirtuu itti tajaajilan
Man-badhaa
Gumii Gaayoo/ Ardaa Badhaasaa
Me’ee Bokkoo Gujii
Caffee

Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo


Ardaan jilaa lafa woyyuu Oromoon hoodatuufi safeeffatu, wiirtuu siyaas-
dinagdee, hawaasummaafi amantii Oromooti. Irra caalaatti ammoo, hammattoofi
calaqqee dhimmoota Oromoofi Oromummaa kan ta’e Sirni Gadaa bakka itti
gaggeeffamudha. Oromoon bakka jirutti wiirtuu hawaasummaa, amantaa
jeebanaafi siyaas-dinagdee kana dhabe hinjiru. Wiirtuuleen kunneen ammoo,
odaaleefi woyyooma lafaan bakka adda addaatti beekamu. Fakkeenyaaf,
gama odaatiin Odaa Roobaa, Odaa Nabee, Odaa Garaadoo, Odaa Bisil, Odaa
Bultumiifi kanneen kana fakkaatan ni’eeramu. Woyyooma lafaan ammoo, Gumii
Gaayoo/Ardaa Badhaasaa Booranatti, Me’ee Bokkoo Gujiitti, Caffee Maccaafi
Tuulamatti, Manbadhaa (mana bal’aa) Arsiitti beekaman maqaa dhahuun
nidanda’ama. Ardaalee jilaa woyyooma qabaniifi gurguddoo ta’an keessaa ardaa
jilaa Me’ee Bokkoo akka fakkeenyaatti fudhachuun haa ilaallu.
Me’ee Bokkoo Godina Gujii Aanaa Me’ee Bokkoo keessatti argama. Bal’inni
isaa hektaara 992.8 yoo ta’u, bosonaafi dirree bal’aa olka’iinsa hawwataa ta’e
qabuun marfamee argama. Haala moggaasaafi jalqabbii Ardaa Jilaa Me’ee
Bokkoo afseena manguddootaa irraa hubachuun nidanda’ama. Me’ee Bokkoon
jechoota muka ‘me’ee’ jedhamuufi bakka mukichi itti argamu kan ‘Bokkoo’
jedhamu irraa maqaa kana argate.

4
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Akka afseenni hubachiisutti, bara durii namicha naannoo ardaa kanaa qubatetu
ture. Namichi kunis, mana ijaarrachuuf muka me’ee jedhamu kana murachuu
dhaqe. Akkuma muruuf qottoo itti aggaameen sagalee, “Ani muka woyyuuti;
na hinmurin!” jedhu mukicharraa dhaga’e. Dubbachuu mukaattis guddoo rifate.
Qottoo isaa lafatti darbatee; gara ollaa isaatti fiiguun ajaa’iba kana manguddotaafi
namoota birootti hime. Isaanis, ajaa’ibsiifatanii sodaa guddaa keessa galan.
Kanarraa ka’uun bakka sanatti walga’un dhibaayyuu raawwatan. Guyyaa sanaa
eegalee mukni Me’eefi bakki sun woyyummaa argatan. Ardaan Jilaa Me’ee
Bokkoos kanarraa ka’ee maqaa kana argate jedhama.
Me’ee Bokkoo wiirtuu siyaas-dinagee, hawaasummaafi amantaa ilmaan Gujii
(Uraagaa, Maattii, Hookkuu, Haloo, Weessituu, Ottuufi Sheelloo) ta’ee tajaajla.
Kana jechuun garuu, ardaaleen jilaa Gujiin itti jilatuufi dhimmoota hawaasummaas
ta’ee siyaas-dinagdee isaa itti raawwatu Me’ee Bokkoo qofa jechuu miti. Gujiin
ardaalee jilaa gara dhibba sadiifi torbaatamii jahaa qaba. Ardaaleen kunniinis,
lafa woyyuu, woyyoomni Waaqaa-namaa itti kabajamu, waaqni itti kadhatamu,
galateeffamuufi giddugala siyaasaa ta’anii tajaajilu. Ardaalee kanniin keessaa
muraasni Me’ee Bokko, Haroo Gobbuu, Dibbee Dhugoo, Fuutoo, Daraartuufi
Biluufaa maqaa dhahuun nidanda’ama.
Woyyoomni Me’ee Bokkoos kan itti dhibaafatan, Waaqa itti kadhataniifi
galateeffatan, jila Gadaa itti jilatan ta’ee tajaajilaa jira. Seerri kolbaan Gujii cufti
ittiin bulu waggaa saddeet saddeetiin Yuubotaan tumamee Me’ee Bokkootti
labsama. Seerri woyyuufi ittiin bulmaataa kunis ni’eegama. Kun ammoo,
woyyoomni ardaalee jilaa eegamee dhaloota har’aa akka dhaqqabu taasiseera.
Haata’u malee, kunuunsiifi eegumsi ardaalee jilaa kanneeniif taasifamaa jiru
darbee darbee laafaadha. Namoonni tokko tokko ardaalee jilaarra dhiibbaa yoo
geessisan nimul’atu. Fakkeenyaaf, ardaalee jilaarra seeraan ala qubachuu, qotuu,
mana irratti ijaarrachuu, mukkeen muruufi kanneen kana fakkaatan raawwachuun
yoo miidhaman nimul’ata. Miidhaan kun ardaalee jilaa yookaan wiirtuulee
siyaas-dinagdeefi hawaasummaa hedduurratti raawwatamaa kan jiru waan ta’eef,
xiyyeeffannoon kennamee kunuunfamuu qaba.

5
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Gilgaala 7
A. Ardaalee jilaa Gujii caattoo asii gadii keessatti guuti.

B. Fakkiilee asii gadii A-C ilaaluun akka dubbisa armaan oliitti miidhaa
ardaalee jilaa irra gahaa jiru kan isaan agarsiisan ibsi.

Fakkii A Fakkii B Fakkii C

C. Gaaffiilee  asii gadii hubannoo dubbisa irraa argatte gargaaramuun


barreessuun deebisi.
1. Ardaaleen jilaa tajaajila akkamii kennu?
2. Ardaan Jilaa Woyyuudha jechuun maal jechuudha?
3. Naannoo keetti mukkeen akka Me’ee woyyooma qaban kan hinmuramne
nijiruu?
4. Dhiibbaan ardaalee jilaarra qaqqabaa jiru jedhaman akkamiin furamuu
danda’u jettee yaadda?

6
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 4: Barreessuu
Gilgaala 8.
A.Gumee gaditti kenname fayyadamuun barruu jalqabame xumuri.
Bosona Yaayyoo

Bakka argamaa
- Godina Iluu Abbaa Boor keessatti argamuu.
- galmee hambaalee addunyaarratti kan galmaa’e ta’uu
Faayidaa inni qabu
- madaala qilleensaa eeguu
- dawoo bineensotaa ta’uu (fakkeenyaaf, weennii, jaldeessa)
- hawwata turiizimii ta’uu
- galii kan argamsiisu ta’uu
Fakkeenyaaf,
Bosonni Yaayyoo bosona beekamaa addunyaa kanaati. Kan argamus Lixa
Oromiyaa, Godina Iluu Abbaa Booraa, Aanaa Yaayyoo keessatti. Bosonni
kun bosona guddaafi kan uumamaa yeroo ammaa galmee hambaalee
addunyaarratti galmaa’ee jira.
Bosonni kun akka biyyaattis ta’e akka addunyaatti faayidaalee hedduu
qaba……..

7
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

B. Jecha sirriitti qubeeffamee hammattuu keessaa filachuun bakka


duwwaa himoota asii gadii guuti.
Fakkeenyaaf,
______n akaakuu kuduraa keessaa tokkodha. (Rafuu, Raafuu).
Raafuun akaakuu kuduraa keessaa tokkodha
1. Tolaan yeroo hunda _____dhiqatee laaqana nyaata. (harika, harka)
2. Waariteen lafa qonnaa ______ qabdi. (ba’laa, bal’aa, bala’a)
3. Barnoonni _______ namaa qara. (saamuu, sammuu, saammu)
4. Awaash _________guddaadha. (laga, laagaa, laaga)
5. Bishaan yoo jiraate_________fi______oomishuun   nidanda’ama.
(bonaa/ganna, bonaa/gaannaa, boonaa/gaana)
6. _______ konkolaataarraa of eeguuf, bitaa ofii qabatanii
deemuun   barbaachisaadha. (Ballaa, Baala, Balaa)
7. Biqiltuu uffanni irraa hojjatamu keessaa tokko _______dha.
(jirbbii, jirbii, jiribii)
8. Namni _______namaa kabaju, kan ofiis nikabachiifata. (miriga,    mirga,
mirgga)
9. Namni biqiltuu _________ , ijaarsa egeree dhaloota
keessatti    qooda  qaba. (dhabbuu, dhaabu, dhaabbu)
10. Galgaloon _____ aannanii bite. (saa’aa, s’aa , sa’a )
11. Biliseen konkolaataa ______ bitte. (f’eeumsaa, feuu’msa, fe’umsaa)
Barannoo 5: Fayyadama Jechootaa
Gilgaala 9. Jechoonni himoota asii gadii keessatti jala sararaman
hiika isaan dubbisa keessatti qaban filadhu.
1. Sirni Gadaa calaqqee eenyummaa Oromoofi Oromummaati.
A. agarsiistuu B. mul’istuu C. hundi deebiidha
2. Oromoon dhimmoota hawaasummaa, siyaas-dinagdeefi amantii jeebanaa
mataa isaa qaba.
A. xabboo B. jabanaa C. waliinii
3. Abbootiin Gadaa Ardaa Jilaa Badhaasaatti karaa nagaan baallii waliif
dabarsan. A. mijuu B. aangoo C. eebba

8
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7
4. Hawaasni Oromoo cufti ardaalee jilaa kunuunsuu qabu.
A. qofti B.muraasni C. hundi
5. Ardaan jilaa lafa woyyuu Oromooti.
A. hoodeffannaa C. hundi deebiidha
B. safeeffannaa
6. Muka Me’ee jedhamu muruuf itti aggaamnaan sagalee, “Ani muka
woyyuuti!” jedhu dhageessise.
A. jigsinaan C. itti dhibaafannaan
B. itti hiixannaan
7. Seerri Gadaa Me’ee Bokkootti Yuubaan tumame kolbaaf labsama.
A. ummataaf C. Gadaammoojjiif
B. Abbootii Gadaaf
8. Ardaalee jilaarra seeraan ala qubachuun aad-maleedha.
A. qotuu C. quphanuu
B. bakka jireenyaa taasifachuu
9. Me’ee Bokkootti jila aangoo walitti dabarsuutu waggaa saddeet saddeetiin
raawwatama.
A. seera B.sirna C.dabaree
10. Haala moggaasaafi jalqabbii Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo afseena
maanguddootu hima.
A. himana ooliyyee C. hundi deebiidha
B. seenaa afaaniin darbu
11. Wiirtuun siyaas-dinagdeefi hawaasummaa  Oromoo ardaa jilaa jedhamee
beekama.
A. siyaasa B. giddugala C. hawaasummaa
Barannoo 6: Caasluga
Gaaleefi Akaakuu Gaalee
Jechoota armaan gadii walitti qindaa’uun hiika yaadrimee tokko kennan
xiyyeeffannoon xiinxali:
- mana bal’aa
- qal’oo bareedduu
- muka jala
- Konkolaataa bitte.
9
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Jechoonni armaan olii walitti qindaa’uun hiika yaadrimee tokko kennan kunniin
gaalee jedhamu. Gaaleen jechoota lama ykn isaa olirraa kan ijaaramu ta’ee, kan
akka qaama tokkootti waliin socho’aniifi hiika yaadrimee tokko bakka bu’anidha.
Gaaleen jechoota qaama gaalee ta’an mataafi miiltoo irraa ijaarama. Mataan
gaalee yeroo hunda hafuu kan hindandeenyeefi akaakuu gaalee kan murteessudha.
Halaa kanaan, akaakuu gaalee kan jedhaman gaalee maqaa, gaalee maqibsaa,
gaalee durduubeefi gaalee gochimaa fa’i.
Fakkeenyaaf,
a. Inni konkolaataa magariisa bite. - gaalee maqaa
b. Tolaan gabaabaa bareedaadha. - gaalee maqibsaa
c. Taliileen gara manaa deemte. - gaalee durduubee
d. Isheen huccuu miiccite. - gaalee gochimaa
Gilgaala 10
A. Himoota asii gadii keessaa gaalee baasii barreessi.
1. Magarsaan buna Wallaggaa dhuge.
2. Bishaan qulqulluu dhuguun fayyaaf barbaachisaadha.
3. Qamaleen muka gubbaa teessi.
4. Bashaatuun barsiistuu Afaan Oromooti.
5. Abbaan koo sangaa diimaa bite.
6. Caalaan bofa qal’aa dheeraa ajjeese.
B. Himoota armaan gadii keessatti gaaleen jala sararame akaakuu gaalee
kam akka tahe barreessi.
Fakkeenyaaf,
Caaltuun mana bal’aa ijaarte. Kan jala sararame gaalee maqaati. Sababni isaa,
mataan gaalee kana ‘mana’ kan jedhu yoo tahu jechi kun ammoo maqaa waan
taheef gaaleen kun gaalee maqaa taha.
1. Inni harree gurraacha guddaa arge.
2. Abdiin sa’aa aannanii bitate.
3. Namichi sangaa gabbataa bite.
4. Weenniin mukarra taa’a.
5. Namni mana keessa jiraata.
6. Inni sangaa diimaa gabbataa bite.
7. Barumsi hundee guddinaati.
10
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BOQONNAA 2
KAROORA MAATII
Mata duree boqonnaa kanaa ‘Karoora Maatii’ jedhu jalatti dubbisa ‘Faayidaa
Karoora Maatii’ jedhu nidhaggeeffatta. Dubbisa mata dureen isaa ‘Karoora
Maatii’ jedhu ammoo, dubbisuuf deemta. Kana malees, barannoowwan adda
addaa mata dureewwan kanneen bu’uura godhachuun qophaa’an kanneen akka
barreessuu, fayyadama jechootaa, caaslugaafi afoolaa nibaratta. Kanaafuu,
xiyyeeffannoon hojjachuun sirraa eegama.

Bu’aalee barachuu
Xumura barannoowwan boqonnaa kanaatti:
• barreeffama siif dubbifamu dhaggeeffattee waan hubatte nihimta;
• taateewwan sasalphaa niseenessita;
• bu’aa karoora maatii nidinqisiifatta;
• dubbisa dhiyaate dubbisuun yaada ijoofi callaa nitarreessita;
• fakkii ilaaluun waan hubatte ni’ibsita;
• jechoota dubbisa keessaa ba’aniif hiika galumsaa nikennita;
• gumee kenname fayyadamuun mata duree tokkorratti barruu keeyyata
sadii qabu nibarreessita;
• ciroo Afaan Oromoo adda nibaafatta;
• ergaa urursa daa’immanii addaan nibaasta.

11
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 1: Dhaggeeffachuu
Faayidaa Karoora Maatii

Fakkii A Fakkii B
Gilgaala 1. Dubbisa siif dubbifamu dhaggeeffachuun dura gaaffilee asii
gadii afaaniin deebisi.
1. Garaagarummaa fakkii A fi B lamaan gidduu jiru maal hubatte?
2. Maatiin tokko ijoollee karooraan yoo hinhoranne, rakkoo maaltu isaan
mudachuu danda’a jetta?
Gilgaala 2. Dubbisa siif dubbifamu dhaggeeffachaa bakka duwwaa  hi
moota asiin gadii guuti
1. ___________n mala ulfa ittisuu aadaati.
2. Dubartiin harma hoosiftu hanga _________ ulfaa’uu hindandeessu.
3. Mala ulfa ittisuu ammayyaa kanneen jedhaman __________,
_______________fi ________________dha.
4. Karoorri maatii ___________ hinbarbaachifne ittisuuf fayyada.
Gilgaala 3. Dubbisa dhaggeeffatte irratti hundaa’uun gaaffilee armaan
gadii afaaniin deebisi.
1. Karoora maatii fayyadamuun bu’aa maal qaba?
2. Malleen ulfa ittisuuf gargaaran maalfa’i?
3. Dawaa ulfa ittisu gargaaramuun barbaachisaadha jettee yaaddaa? Maaliif?

Barannoo 2: Dubbachuu
Gilgaala 4. Gaaffilee kanaa gadii irratti gareen mariyachuun afaaniin
dareef gabaasaa.
1. Malleen ulfa ittisuuf gargaaran keessaa kan aadaa moo kan ammayyaa
wayya jettu? Maaliif?
12
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

2. Namoonni tokko tokko, “Dubartiin osoo walirraa hinfageessiin yoo


deesse, fayyummaa isheef gaariidha,” jedhu. Yaadni kun dhugaadha
jettee amantaa? Maaliif?
3. Ilaalchota dogoggoraa karoora maatii irratti mul’atan akkamitti
sirreessuun danda’ama?
Barannoo 3: Dubbisuu
Gilgaala 5

Dubbisa dhiyaate dubbisuun dura gaaffilee asii gadii afaaniin deebisi.


1. Fakkii kanaa oliirraa maal hubatte?
2. Fakkichi karoora maatii waliin walitti dhufeenya akkamii qaba?
3. Hiika jechoota asii gadii tilmaami.
a. karoora _______________
b. maatii ________________
c. horachuu ______________
Gilgaala 6. Deebii gaaffilee asii gadii dubbisa dhiyaate dubbisaa
barreessuun deebisi.
1. Karoora maatii keessatti haati warraaf abbaan warraa _______fi
________ irratti waliin murteeffachuu qabu.
2. Walirraa fageessanii da’uu dhabuun deessuurra miidhaa akkamiitu ga’a?

13
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

3. Maatiin tokko baay’ina daa’imman argachuu qabanii murteessuun


daa’imaaf faayidaa maal qaba? __________________________
4. Ergaa ijoon keeyyata 2ffaa maali? _______________________
5. Ergaa ijoon keeyyata 3ffaa maali?_______________________
Karoora Maatii
Haati warraafi abbaan warraa waa’ee jiruufi jireenya isaanii waliin karoorsu;
waliinis murteessu. Karooraafi murtii isaan waliin qabaatan keessaa tokko karoora
maatiiti. Karoorri maatii kan haati warraafi abbaan warraa baay’ina ijoollee
horachuu qabaniifi yeroo itti horachuu qaban irratti waliin murteeffataniidha.
Murtii kana keessatti dhimmoota ijoo lamaaf xiyyeeffannoo kennuun
barbaachisaadha. Dhimmoonni kunniinis, ijoollee horachuuf murteeffatan
hagam walirraa fageessuu akka qabaniifi baay’ina ijoollee horachuuf karoorfatan
murteeffachuudha.
Baay’inaafi yeroo itti daa’imman horatan murteeffachuun faayidaa hedduu
qaba. Faayidaa isaa keessaa tokko, daa’imman kunuunsa gaarii argatanii akka
guddataniif gargaara. Kana jechuun, nyaata madaalawaa, tajaajila fayyaa, uffata,
bakka jireenyaa mijataafi kanneen kana fakkaatan argachuu danda’u. Kun ammoo,
ta’uu kan danda’u galii ga’aan yoo jiraatedha. Kanaafuu, maatiin baay’ina
daa’ima horachuu barbaadanii galii isaaniirratti hundaa’uun karoorsuutu irraa
eegama. Kana malees, daa’imni harma haadhaa ga’aa ta’e akka argattuuf carraa
bal’aa kenna. Faayidaa biroon, haadholiin daa’imman walirraa siqsanii yoo da’an
fayya buleeyyii ta’u. Kunis, rakkoo dhangala’uu dhiigaan walqabatee dhufurraa
bayyanachuuf yeroo dheeraa akka argatan taasisa.
Maatiin karoora maatii hinfayyadamne rakkoolee adda addaaf saaxilamu.
Rakkoolee kanneen keessaa tokko haadholiin yeroo da’umsaatti sababa dhiigni
baay’inaan dhangala’uuf, rakkooleefi dhukkuboota adda addaaf saaxilamu.
Fakkeenyaaf, walirratti daddafanii yoo da’an anniisaa dhukkuba dandamachuu
dhabuun dhibeewwan akka hanqina dhiigaaf saaxilamuu danda’u. Dhibee
kanneen irraa ka’uun haadholiin du’aaf saaxilamuu danda’u. Rakkoon karoora
maatii fayyadamuu dhabuu inni biroon, maatiin wantoota daa’immaniif
barbaachisan kanneen akka nyaata madaalawaa, barnoota gahaa, tajaajila

14
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

fayyaa, uffatafi kanneen kana fakkaatan guutuufii hindanda’an. Kun ammoo,


jireenya daa’immanii gara fuulduraa irratti dhiibbaa guddaa uuma.
Raakkoon sadaffaan, daa’imman dhukkuba garagaraaf saaxilamu. Dhukkubni
kunis, guddina qaamaafi dagaagina sammuu daa’immanii quucarsuu mala.
Darbees du’aaf isaan saaxiluu danda’a. Kanaafuu, walirraa fageessanii da’uun
nageenya hawwaniifi daa’immanii eeguu keessatti bakka guddaa qabaachuu
agarsiisa.
Walumaagalatti, karoorri maatii murtii haati warraafi abbaan warraa baay’ina
ijoolleefi hanga walirraa fageessanii horachuu qabanii murteessuudha. Kun
ta’uu baannaan, hawaasni tajaajila hawaasummaa kanneen akka tajaajila fayyaa,
barumsaafi kanneen kana fakkaatan hinargatan. Karoora malee daa’iimman
horachuun quucaruu daa’immaniifi du’aatii haadholii dhaqqabsiisa. Kanaafuu,
karoorri maatii kan maatii qofa osoo hintaane, dhimma biyyaa waan ta’eef,
hunduu dhimmee irratti hojjachuu qaba..

Gilgaala 7
A. Gaaffilee asii gadiif qubee deebii sirrii qabate filachuun deebisi.
1) isaan (keey 1ffaa) maal bakka bu’a?
A) maatii B) daa’imman
2) isaan (Keey 4ffaa ) maal bakka bu’a?
A) dhukkuba B) daa’imman C) maatii
3) kun (Keey 5ffaa) maal bakka bu’a?
A) faayidaa B) hanga ijoollee murteessuu C) Hawaasa
4) kanneen (keey 3ffaa) maal bakka bu’a?
A) haadholii B) dhibee C) hawaasa
B. Deebii gaaffilee asii gadii barreessuun kenni.
1. Daa’imman walirraa fageessanii horachuun maaliif barbaachise?
2. Abbaan warraafi haati warraa waa’ee jireenya isaanii waliin murteessuu
qabu kan jedhame maaliif?
3. Karoora maatii hojiirra oolchuu irratti gufuuwwan jiran maal fa’i?
4. Yaadni waliigalaa dubbisichaa maali?
15
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 4: Barreessuu
Gilgaala 8. Fakkeenya kenname hordofuun gumee qophaa’etti
fayyadamii barruu keeyyata sadii qabu barreessi.
Fakkeenyaaf,
Gumee kenname 1. Dhibee irraa ofeeguu
1. Qulqullina dhuunfaa eeggachuu
qaama dhiqachuu
qulqullina rifeensaafi uffataa eeggachuu
qeensa qorachuu
2. Qulqullina naannoo eeggachuu
balfa qulqulleessuu
kosii bakka barbaachisutti gatuu
3. Qulqullina bishaanii eeguu
bishaan danfisanii dhuguu
tajaajila bishaan qulqulluu argachuu
Dhukkubsatanii rakkachuurra dursannii dhukkuba irraa ofeeguun
barbaachisadha. Dhukkuba irraa ofeeguuf tooftaawwan garagaraa fayyadamuu
dandeenya. Isaanis, qulqullina dhuunfaa, naannoofi bishaanii eeggachuudha.
Qulqullina dhuunfaa eeggachuun dhibee ofirraa ittisuuf gahee guddaa qaba.
Qaama ofii yoo xiqqaate torbaanitti yeroo lama dhiqachuufi qulqullina rifeensaafi
uffataa eeggachuun barbaachisaadha. Akkasumas, qeensa ofiiyeroo yeroon
qorachuunis dhibeerraa nama eega.
Qulqullina naannoo ofii eeguun dhukkuba ofirraa ittisuun nidanda’ama.
Fakkeenyaaf, yoo naannoon keenya qulqulluu ta’e, titiisni balfa irra qubatee
achii ka’ee nayaata keenya faaluufi ija keenyarra qubatee dhibee tiraakoomaa
fiduu irraa nu oolcha. Kana malees, lolaan kosiifi boolii naannoo keenyaa haree
gara lagaafi harootti galchuun bishaan dhugaatii akka hinfaalamne taasisa.
Kana malees, bishaan faalame qulqulleessuun dhibe ofirraa ittisuu dandeenya.
Fakkeenyaaf, bishaan dhugaatii danfisanii dhuguudha. Bishaan danfisanii
dhuguun tooftaa osoo hindhukkubsatiin ittiin of eegnu keessaa isa tokkodha.
Walumaagalatti, qulqullina dhuunfaa, naannoofi bishaanii eeggachuun,
dhukkuba irraa ofeeguun gahee guddaa qaba.
16
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Mata duree : Faayidaa Karoora Maatii


Gumee qophaa’e:
i. Fayyaa haawwaniif
- dhiiga yeroo da’umsaa dhangala’u irraa dandamachuuf
yeroo dheeraa argatu
- dhibeef akka hinsaaxilamne taasisa
ii. Fayyaa daa’immaniif
- harma haadhaa ga’aa tahe argatu
- dhukkubaaf hinsaaxilaman
- uffataafi tajaajila fayyaa ga’aa argatu
- akka gaariitti barachuuf carraa argatu
iii. Biyyaaf
- galiin biyaa niguddata
- hiyyummaan nixiqqaata
- tajaajila hawaasummaa kanneen akka barnootaafi
fayyaa babal’isuuf gargaara

Barannoo 5: Fayyadama Jechootaa


Gilgaala 9
A. Hiika galumsaa jechoonni himoota asii gadii keessatti jala sararaman
qaban filadhuu barreessi.
1. Daa’imman daddafanii da’uun dhiigni baay’inaan akka dhangala’u waan
taasisuuf deessuu anniisaa dhabsiisa.
A.fedhii B. humna C. ilmee
2. Namni karoora maatiitti gargaaramu, daa’imman walirraa siqsee horata.
A. faffageessee B. hammatee C. baay’isee
3. Karoora malee da’uun daa’imman daran hiyyummaaf saaxila.
A.uffata dhabuu B.muraasatti C. caalaatti
4. Haadholiin yoo walirraa siqsanii da’an, dhiiga da’umsaan walqabatee
dhangala’u irraa dandamachuu danda’u.
A. bayyanachuu B. dhandhamachuu C. fagaachuu

17
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

5. Karoora maatii fayyadamuun daa’imman dhibee adda addaaf saaxilamuurra


isaan baraara.
A.oolcha B. hambura C. ‘A’fi ‘B’n deebiidha
B. Jechoota roga ‘A’ jalatti kennaman hiika faallaa isaanii roga ‘B’ jalatti
kennaman keessaa filachuun walitti firoomsi.
‘A’ ‘B’

1. carraa A.walitti dhiyeessuu


2. walirraa siqsuu B.danqaa
3. saaxilamuu C. dhabduu
4. deessuu D. miidhaa
5. faayidaa E. dhaban
6. horatan F. baraaramuu

G. argatan
C. Bakka duwwaa himoota armaan gadii jechoota yookaan gaaleewwan
gabatee keessatti  kennaman keessaa filachuun guuti.
daa’imman iftoominaan
karoora maatii kunuunsiti
1. Tulluun ____tti haalaan waan fayyadamaniif jireenya gaarii jiraatu.
2. Abbaan warraafi haati warraa rakkoo maatii isaanii mudatu hiikuu
irratti _______mariyachuu qabu.
3. Karoorri maatii _______haalaan kunuunsanii guddisuuf gargaara.
4. Soorettiin ijoollee ishee haalaan ___________.
Barannoo 6: Caasluga
Ciroo ofdanda’aafi Ciroo hirkataa
Gilgaala 10
A. Fakkeenyaafi ibsa asii gaditti kennaman hordofuun himoota itti aananii
jiran keessaa ciroo of danda’aafi hirkataa baasi.

18
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Fakkeenyaaf,
a. Dureettiin gorsa ogeeyyii fayyaa waan hordoftuuf, karoora maatiitti
fayyadamuu eegalte.
      Ciroo hirkataa: Dureettiin gorsa ogeeyyii fayyaa waan hordoftuuf,
      Ciroo of-danda’aa: karoora maatiitti fayyadamuu eegalte.
Fakkeenya kanarraa wanti hubatamu,
Ciroo hirkataan of danda’ee ergaa guutuu kan hindabarsine yommuu tahu,
ciroon of-danda’aan garuu, yaada guutuu ta’e kan dabarsudha.
b. Haawwan walirraa siiqsanii yoo da’an, dandamachuuf yeroo dheeraa
argatu.
Ciroo hirkataa: Haawwan walirra siiqsanii yoo da’an,
      Ciroo of-danda’aa: dandamachuuf yeroo dheeraa argatu.
1. Abdiin waan dhukkubsateef, mana yaalaa dhaqe.
2. Boontuun qarshii waan qabduuf, konkolaataa bitatte.
3. Erga waraabessi darbee, sareen dutte.
4. Meetiin sirriitti waan qo’atteef, qabxii olaanaa galmeessiste.
5. Yoo jabaatanii hojjatan,h iyyummaa jalaa bahuun hinoolu.
B. Walqabsiistota armaan gadii fayyadamuun himoota cimdiidhaan ken
naman walqabsiisii barreessi.

waan...f erga... booda akkuma


ta’uyyuu
Fakkeenyaaf,
a. Leensaan karoora maatiitti fayyadamti.
b. Leensaan ijoollee ishee jireenya qananii jiraachisti.
Leensaan karoora maatii waan fayyadamtuuf, ijoollee ishee jireenya qananii
jiraachisti.
1. Galaaneen baratte.
Galaaneen ogeettii fayyaa taate.
2. Yaadasaan haadha warraa isaa waliin mariyate.
Yaadasaan daa’imman lama qofa horachuuf murteesse.
3. Biiftuun karoora maatii irratti barnoota argatte.
19
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Biiftuun walirraa fageessitee dahuu murteessite.


4. Wayitiin Afaan Oromoo ammadha.
Afaan Oromoo barachaa jirra.
5. Waariyoo hojiin itti baay’ata.
Waariyoon mana barnootaa irraa hafee hinbeeku.
6. Mootiin ganamaan ka’e.
Mootiin konkolaataa argatee Finfinnee deeme.
C. Himoota armaan gadii keessatti walqabsiistota ciroo hirkataa ta’uu
agarsiisan jala sarari.
Faakkeenyaaf,
Qananiisaan saffisaan waan fiigeef, dorgommii gaggeeffame irratti
tokkoffaa ba’e.
1. Magartuun erga faayidaa qulqullina dhuunfaa barachuu eegaltee,
qulqullina ishee haalaan eeggatti.
2. Kuulaniin barnoota isheetiin cimtuu waan taateef, maatiin ishee baay’ee
jaallatu.
3. Daraaraan harka qalleessa ta’uyyuu, barnoota isaaf meeshaalee
barbaachisan ofumaa guuttata.
Barannoo 7: Afoola
Urursa Daa’immanii
Gilgaala 11
A. Urursa daa’immanii armaan gadii dubbisuun himoota itti aananiii jiran
keessaa kan sirrii ta’een, ‘dhugaa’ kan dogoggora ta’een, ‘soba’
jechuun sababa waliin ibsi.
Qabeen qammana hinqabu
Qoraaseen sii naqeeraa
Hirribaa jettu rafii
Itilleen huba hinqabu
Haxaayee siif afeera

20
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Mucaa koo maaltu dhaanee?


Qananiitu dhaane malee
Kooratu boossisa malee
Kooraa boowuu lakkisi
Qananii hinlakkisini...
1. Daa’imni urursi kun jedhameef, karoora malee waan dhalatte
hinfakkaatu.
2. Daa’imman kan boossu yoo bakka raftuufi bakka ciistu dhabde.
3. Daa’imaaf qanani’uu caalaa kooruutu barbaachisaadha.
B. Urursa daa’immanii naannoo keetii barreessii ergaa isaa waliin dareef
dhiyeessi.

21
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BOQONNAA 3
WALITTI DHUFEENYA HAWAASUMMAA
Mata duree boqonnaa kanaa ‘Walitti Dhufeenya Hawaasummaa’ jedhu jalatti
dubbisa mata dureen isaa ‘Faayidaa Gamtaan Hojjachuu’ jedhu nidhaggeeffatta.
Dubbisa mata dureen isaa ‘Daboo’ jedhu ammoo, dubbisuuf deemta. Kana malees,
barannoowwan adda addaa mata dureewwan kanneen bu’uura godhachuun
qophaa’an kanneen akka barreessuu, fayyadama jechootaa, caaslugaafi afoola
nibaratta. Kanaafuu, xiyyeeffannoon hojjachuun sirraa eegama.

Bu’aalee barachuu
Xumura barannoowwan boqonnaa kanaatti:
• dubbisa dhiyaate dhaggeeffattee yaada isaa ni’ibsita;
• yaada dhiyaate tokkorratti hiriyyaa kee waliin mariyachuun ergaa isaa
nihimta;
• dubbisa dhiyaate dubbisuun yaada ijoofi callaa addaan baafatta;
• barbaachisummaa hariiroo hawaasummaa ni’ibsita ;
• jechoota hiika walfakkaataa qaban walitti nifiroomsita;
• himoota walkeessa makaman sirreessuun barruu keeyyata tokko qabu
niqopheessita;
• himoota dachaa ni’ijaarta.
• ergaa mammaaksota adda addaa nihimta.

22
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 1: Dhaggeeffachuu
Faayidaa Gamtaan Hojjachuu
Mana Aannaanii Qabballee

Gilgaala 1. Gaaffilee asii gadii afaaniin deebisi.


1. Fakkilee armaan oliirraa maal hubatta?
1. Fakkiilee kennaman ilaaluun dubbisni dhaggeeffachuuf deemtu waa’ee
maaliiti jettee yaadda?

Gilgaala 2. Dubbisa siif dubbifamu dhaggeeffachaa gaaffilee


asii  gadii deebisi.
1. Ijoolleen abbuyyaa Qabballee ____fi _____ jedhamu.
2. Qabballeen namoota loon bobbaasan yommuu argitu, baay’ee
gammaddi.
A. dhugaa B. soba
3. Qabballeen nama meeqa waliin gurmoofte?
4. Qabballeen gurmooftee hojii akkamii irratti bobbaate?
5. Qabballeen sadarkaa godinaatti yeroo meeqa badhaafamte?
Gilgaala 3. Deebii gaaffilee asii gadii afaaniin kenni.
1. Dubbisa dhaggeeffatte keessatti mammaaksi, ‘Jirbiin yoo wliin taate arba
hiiti’ kan jedhu maal ibsuu akka barbaade dareef ibsi.
2. “Nama hiyyummaan jilba itti darbedha” jechuun maal jechuudha?
3. Adeemsa Qabballeen hordoftee hiyyummaa keessaa ittiin baate gabaabsii
ibsi.
23
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

4. Gorsi ijoollee abuyyaa ishee Qabballeetti maaliif baacoo fakkaate?


Barannoo 2: Dubbachuu
Gilgaala 4. Yaadota armaan gadii keessaa kan deeggartan tokko
filachuun gareen irratti mariyachuun yaada keessan dareef dhiyeessaa.
1. Dhuunfaan hojjachuurra gamtaan hojjachuu wayya.
2. Gamtaan hojjachuurra dhuunfaan hojjachuu wayya.

Yaadannoo
Adeemsa Falmii
- Jalqaba, fedhiin garee nama 4-5 qabuun gurmaa’uu
- Abbootii seeraa nama lama filachuu
- Daqiiqaa 10f yaada falmiif barbaachisu irratti mariyachuun
gurmeeffachuu,
- Falmii daqiiqaa 20 barattoota fuulduratti geggeessuu;
- Abbootiin seeraa garee mo’atee beeksisuun xumuruu
Barannoo 3: Dubbisuu

Gilgaala 5. Dubbisa dhiyaate dubbisuun dura gaaffilee asiin gadii deebisi.


1. Aadaa gamtaan hojjachuu hawaasni Oromoo qabu keessaa maalfaa
beektu?
2. Fakkii armaan oliirraa maal hubatta?
24
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

3. Fakkicharraa ka’uun dubbisicha keessatti maaltu dhiyaata jettee yaadda?


Gilgaala 6. Gaaffilee asii gadii dubbisa dhiyaate dubbisaa deebisi.
1. Xaafii Obbo Jiloofaa ____n galaana guutee danbali’u fakkeesse.
2. “Tokkummaan humna” kan jedhe ______dha?
3. Guyyaa jala bultii daboo dubartoonni maal hojjachaa turan?
A. Xaafii haamaa turan C. qoraan falaxaa turan
B. Buddeena tolchaa turan
4. Gaaleen ‘……..hojiin kun……’ (keeyyata 3ffaa, sarara 2ffaa) jedhu maal
bakka bu’a?
A. hojii sabsii sassaabuu
B. hojii daboo waammachuu
C. hojii qophii daboof taasifamu
5. Obbo Jiloon halaalatti eenyuun arge?

Daboo
Obbo Jiloon qonnaan bulaa cimaadha. Haadha warraa isaa aadde Jijee waliin
ijoollee hedduu horataniiru. Ijoolleen isaanii sadi baratanii yuniversiitii irraa
ogummaa garagaraan eebbifamuun hojii dhuunfaa isaanii uummataniiru. Mucaan
inni eegoon ammoo, bara kana yuniversiitii barachaa jira. Kanaafuu, ijoollee
isaanii of biraa dhabuun, akka isaan ko’oommatan taasiseera.
Gaaf tokko Obbo Jiloon oyiruu isaa gararraa dhaabbatee qe’eefi maasii isaa
gadi ilaalu ture. Oyiruun isaa akaakuu midhaan garagaraan uwwifameera. Xaafii
gariin haamaaf ga’ee jira. Qilleensi qilleensa’u xaafii dalga luuccessuun galaana
guutee danbali’u fakkeesseera. Biiftuun seenuuf suksuktu miidhagina uumamaa
dhoksuuf gaaddidduu ishee irra buufachaa jirti. Obbo Jiloon do’iin uumamaa
qalbii isaa hawwatee yaadaan liqimfamee osoo ilaalaa jiruu Obbo Guutaa
halaalatti arge.
Lamaan isaanii nagaa erga walgaafatanii booda, Obbo Guutaan, “Maaf qofaa
dhaabbatta?” jedhee gaafate. “Sabsii gahe kanatu na yaachisse. Hojiin kun
ammoo, humna koofi humna Jijee qofaan kan danda’amu miti,” jedhe, Obbo
Jiloon. “Kun salphaadha; daboo waammachuu qabda,” jedhe, Obbo Guutaan.
“Dhuguma kee naan jette. Filannoon ani qabus daboo kadhaachuu qofa. ‘Mixiin
25
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

walqabattee laga ceeti’ jedhu mitii?” jedhe, Obbo Jiloon. “Ummanni keenya aadaa
gamtaan hojjechuu, walgargaaruufi wajjin jiraachuu qaba. Daboo, jigii, daadoofi
kan kana fakkaatan irratti hirmaachuun walgargaaree waliin jiraata. Abbootiin
keenya, ‘Qunceen walgargaartee arba hiiti’ jedhanii kan mammaakanis kanumaaf
mitii?’ jedhe, Obbo Guutaan. Obbo Jiloonis yaada Obbo Guutaa fudhachuun
daboo waammatan.
Qophiin jalbultii daboo mana Obbo Jiloofaa ho’eera. Dubartoonni kaan
biddeena tolchu; kaan ammoo, waan dhugamu qodaatti naqu; kaan ittoo
qopheessu. Dhiironni ammoo, bishaan waraabu; qoraan falaxu. Aadde Jijeen
hojii dubartootaan hojjatamu qindeessuuf olii gadi fiigdi.
Gaafa daboo ganama Obbo Jiloofi Aadde Jijeen wayyaa hojii uffatanii, meeshaa
hojii qabatanii gadi ba’an. Namoonni daboo waamamanis meeshaa hojii qabatanii
oyiruu xaafii Obbo Jilootti walga’an. Akka aadaatti wal eebbisanii hojii eegalan.
Bifa dorgommii fakkaatuun hojii kennameef unkuteessan. Gareen hunduu
weedduu miira hojii namatti uumu weeddisaa hojjatu. Geerarsaan hamilee waliif
kennu; akkana jechuun wal onnachiisu:
Deega koo yaa rakkisaa
Kan kee maalan callisaa
Tur amman si fannisaa
Mukarbaa daraarettii
Dhala abbaan abaaretti
Muka damee hinqabnettii
Akka baddee hingallettii…..
Hundumtuu hojii dhufaniif ariitiin xumuruuf onnatu. Kaan nihaama; kaan
ammoo, isa haamame walitti qabee tuula. Gidduutti muka guddaa oyiruu isaanii
keessatti argamu jalatti nyaanniifi dhugaatiin dhiyaateef. Namoonnis xiqqoo erga
haara galfatanii booda, weedduudhaan wal jajjabeessaa hojii itti fufan. Hojiin
Obbo Jilootti yaaddoo tahee kan ture yeroo walakkaa guyyaa hincaalle keessatti
xumurame.
Waaree booda, miira gammachuun sirbaa gara mana Obbo Jilootti dacha’an.
Manattis nyaanniifi dhugaatiin qophaa’e eebbifatanii nyaachuufi dhuguu

26
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

eegalan. Suuta, suuta qaamni hojiin bututes sissi’atee haasaanis ho’uu eegale.
Geeraruus eegalan. Hundumaa keessaa garuu geerarsi Obbo Jiloo akkas jedhu
qalbii namoota hedduu hawwate:
Lubbuuf waaqayyo jiraa
Facaasuuf sanyiin jiraa
Makaruuf qomoon jiraa
Dilbii balbalaan qabaa
Sanyiif qomoo koon qabaa
Horachuuf qalbiin qabaa….. jechuun yeroo miira isaanii ibsatan;
hundumtuu mararfatanii ija jaalalatiin ilaalaa walfaana jalaa cookan.
Gilgaala 7. Gaaffilee asii gadii haala gaafatamaniin deebisi.
1. Obbo Jiloofi Aadde Jijeen ijoollee baay’ee waan qabaniif ko’oommatan.
A. dhugaa B. soba
2. Mammaaksi, ‘Qunceen walgargaartee arba hiiti” jedhu mammaaksa asii
gadii keessaa kamiin walfakkaata?
A. Tokkummaan humna.
B. Mixiin walqabattee garba ceeti.
C. Hunduu deebiidha.
3. Yaadni ijoo keeyyata 4ffaa maali?
4. Yaadni ijoo keeyyata 2ffaa maali?
5. Geerarsi Obbo Jiloo maaliif qalbii namoota hedduu hawwate?
6. Obbo Jiloon ‘Makaruuf qomoon jira’ yoo jedhan maal jechuu isaaniiti?

Barannoo 4: Barreessuu
Gilgaala 8
A. Himoota asii gadii walkeessa makamanii barreeffaman sirreessuun
keeyyata jalqabame xumuri.
- Achiin booda, qophii eegalu.
- Baay’ina namoota kadhatanii irratti hundaa’uun waan nyaatamuufi dhugamu
qopheeffachuu eegalu.
- Daboon aadaa hojii gamtaan hojjachuu keessaa isa tokkodha.
- Fakkeenyaaf, xaafii haamuu yoo tahe, kan haamuufi kan guuree tuulu
ramadu.
27
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

- Guyyaa daboottis, namoota dhufaniif hojii isaan hojjatan itti agarsiisu.


- Maatiin tokko hojii qofaa isaanii hojjatanii xumuruuf humna isaanii ol ta’e
daboo kadhachuuf murteeffatu.
- Osoo haamaa jiranii gidduutti ammoo, nyaanniifi dhugaatiin nidhiyaataaf.
- Qophiin isaanii inni jalqabaa, baay’ina namoota daboo waammatanii adda
baafatu.
- Xumurarratti, abbaan daboo, namoota daboorratti hirmaatan nyaachisuun
eebbisee gaggeessaa. Walumaagalatti, daboon hojii namoonni waliin
ta’anii, wal jajjabeessanii hojii tokko ittiin hojjatan waan ta’eef, aadaa hojii
jajjabeeffamuu qabudha.
Fakkeenyaaf,
Daboon aadaa hojii gamtaan hojjachuu keessaa isa tokkodha. Maatiin tokko hojii
qofaa isaanii hojjatanii xumuruuf humna isaanii ol ta’e daboo itti kadhachuuf
murteeffatu. Achiin booda, qophii eegalu. Qophiin isaanii inni jalqabaa .............
..................................................................................................................
B. Weedduu yookaan geerarsa naannoo keetti yeroo daboo
weeddifamu yookaan geeraramu kan beektu yookaan nama gaafachuun
barreessii dareef dhiyeessi.
Barannoo 5: Fayyadama jechootaa
Gilgaala 9
A. Jechoonni armaan gadii dubbisa asii olii keessaa ba’an. Hiika isaan
dubbisicha keessatti qaban barreessi.
1. eegoo______________________
2. ko’oommatan _________________
3. gariin _______________________
4. hawwate _____________________
5. halaala_____________________
6. wayyaa ______________________
7. jala bultii _____________________
8. unkuteessan _____________________
9. dacha’an ______________________
10. butute ________________________
11. cookan _____________________
28
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

B. Jechoota roga ‘A’ jala jiran hiika faallaa isaanii roga ‘B’ jala jiran 
waliin walitti firoomsi.
A B
1. dhimmamuu A. doqna
2. muraasa B. hiyyeessa
3. bobba’uu C. hedduu
4. arjaa D. galuu
5. dureessa E. dhibaa’uu
F. xiqqoo
Barannoo 6: Caasluga
Hima dacha
Gilgaala 10
A. Fakkeenya kenname hordofuun himoota kennaman irraa hima dacha
ijaari.
Fakkeenya 1
· Marartuun qoraan falaxxi. Tolasaan bishaan waraaba.
Marartuun qoraan falaxxi; Tolasaan ammoo, bishaan waraaba.
· Siddiseen harka dhiqatte. Siddiseen ciree nyaatte.
Siddiseen harka dhiqattee ciree nyaatte.

Yaadannoo
Himni dachaa hima raawwii lama yookaan ciroo of danda’aa lama ykn lamaa ol
of keessaa qabudha.
1. Caaltuun buna dhugdi. Caalaan shayii dhuga.
2. Barsiisonni nibarsiisu. Barattoonnis nibaratu.
3. Tulluun bishaan ho’isate. Tulluun qaama dhiqate.
4. Harmeen koo gabaa dhaqxe. Harmeen koo huccuu naaf bitte.
5. Ani bara dhufu Malkaa Qunxurreen daawwadha. Tolaan bara dhufu Bosona
Yaayyoo daawwata.
6. Qeerransi niharqa. Qamaleen nikofalti.
7. Weenniin nikorrisa. Leenci ni’aada.
8. Sareen nidutti. Bofti nifoorica.
9. Soorettiin buna akoofte. Soorettiin buna tumte.

29
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

B. Hima dachaa shan barreessuun barsiisaa keetti agarsiisi.


1. ______________________________________________________
2. _____________________________________________________
3. ______________________________________________________
4. ______________________________________________________
5. ______________________________________________________

Barannoo 7: Afoola
Mammaaksa
Gilgaala 11. Ergaa mammaaksota armaan gadii afaaniin himi.
1. Mixiin walqabattee laga ceeti.
2. Sariitiin waltaatee arba hiiti.
3. Tisiisni baayyatteef okolee hinbanattu.
4. Funyaan rukutamnaan ijji boosse.
5. “Adurree maaliif boonta?” jennaan, “Eessuma kootu laga jira,” jette?
6. Migirri lagaa gubannaan, gingilchaan manaa boosse.

30
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BOQONNAA 4
AARTISTOOTA OROMOO
Mata duree boqonnaa kanaa ‘Aartistoota Oromoo’ jedhu jalatti dubbisa mata
dureen isaa ‘Aartisti Alii Birraa’ jedhu dhaggeeffachuufi dubbisa mata dureen isaa
‘Aartisti Haacaaluu Hundeessaa’ jedhu ammoo, dubbisuuf deemta. Kana malees,
barannoowwan adda addaa mata dureewwan kanneen bu’uura godhachuun
qophaa’an kanneen akka barreessuu, fayyadama jechootaafi caaslugaa
nibaratta. Kanaafuu, xiyyeeffannoon hojjachuun sirraa eegama.

Bu’aalee barachuu
Xumura barannoowwan boqonnaa kanaatti:
• barruu dubbifamu dhaggeeffachuun yaada isaa nidinqisiifatta;
• seenaa dhuunfaa nama beekamaa ta’e tokkoo nihimta;
• dubbisa dhiyaate dubbisuun yaada callaafi dimshaashaa adda baasta;
• walqabsiistota fayyadamuun seenaa dhuunfaa nama beekamaa ta’e
tokko nibarreessita;
• jechoota bebbeekamoo galumsa adda addaa keessatti nifayyadamta;
• henna gocha yeroo darbee agarsiisu  adda nibaafta;

31
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 1: Dhaggeeffachuu
Aartistii Alii Birraa

Gilgaala 1. Gaaffilee asii gadii afaaniin deebisi.


1. Aartistoota Oromoo guddina Afaan Oromootiif bu’aa buusan eenyufaa
beekta?
2. Waa’ee Dooktara Kabajaa Aartisti Alii Birraa maal beekta?
3. Hiika jechoota armaan gadii tilmaami

a) aartii_________
b) aartistii __________
Gilgaala 2. Dubbisa siif dubbifamu dhaggeeffachaa bakka duwwaa
himoota armaan gadii guuti.
1. Aartisti Alii Birraan magaalaa________tti bara _____dhalate.
2. Afaanonni Aartisti Aliin ittiin sirba eegale maal fa’i?
3. Sirbi Alii Birraa yeroo jalqabaaf sirbe mata dureen isaa ___jedhama.
4. Baandii Arfan Qalloo keessa aartistoonni maqaa Alii jedhamuun waamaman
baay’inni isaanii meeqa?.
Gilgaala 3. Deebii gaaffilee asii gadii barreessuun deebisi.
1. Alii Birraa sirba isaa keessatti ‘Barnoonni dhugaan ofirraa eegala’ jechuun
maal jechuudha?
2. Walaloon sirbaa “Harki harka hinloluu diina ofii malee; nutu of xiqqeesse
32
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

eenyutu nu caalee?” jedhu maal jechuudha?


3. Sirbi isaa ‘Barnootaa ammas barnootaa; kana ta’uu qabaa kaayyoon
Oromootaa’ jedhu dhaamsa maalii qaba?
4. Aartisti Alii Birraa “Barnoonni ija jaame bana” jechuun isaa maal
jechuudha?
Barannoo 2: Dubbachuu
Gilgaala 4. Gaaffilee asii gadii irratti gareen mariyachuun yaada keessan
afaaniin dareef dhiyeessaa.
1. Bo’oon sirba Alii
“Ilmaan haadhaa abbaa walii obboleessaa,
Maaliif waljibbina akka ilmaan bineensaa?” jedhu maal ibsa?
2. Naannoo keetti namni hawaasa biratti caalaatti beekamu/tu eenyu?
Maaltu akka caalaattii beekamu/tu taasise?
3. Barreefffama seenaa Aartisti Alii irraa dhaggeeffatte keessaa maaltu
sitti tole?
4. Ati hawaasa kee keessatti maalfaa hojjattee beekamuu barbaadda?
Barannoo 3: Dubbisuu

Gilgaala 5. Gaaffilee asii gadii irratti gareen mariyadhuu afaaniin


deebisi.
1. Fakkiin asii olitti mul’atu kun kan eenyuuti jettee yaadda?
2. Namni kun maaliin beekama?
33
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

3. Waa’e Haacaaluu Hundeessaa maal beekta?


Gilgaala 6. Dubbisa dhiyaate dubbisaa bakka duwwaa himoota asii
gadii yaada sirrii ta’een guuti.
1. Haacaaluu Hundeessaa bara________ magaalaa ________ ganda
_______ jedhamutti dhalate.
2. Maqaan mana barnootaa sadarkaa 1ffaa Haacaaluun itti barate _________
jedhama.
3. Albeemiin sadaffaa Haacaaluu mata dureen isaa ________jedhama.
4. Haacaaluun sirboota Albeemii isaa jalqabaa keessaa _____ mana hidhaatti
barreesse.
5. Haacaaluun yakka malee waggaa _____________hidhame.
6. Albeemiin sirba Haacaaluu kan jalqabaa matadureen isaa ____________
jedhama
Aartistii Haacaaluu Hundeessaa
Oromoon gootota onnee barbadaa dantaa sabaafi biyyaa tiksuuf aarsaa lubbuu
kaffalan baay’ee qaba. Isaan keessaa tokko Aartistii Haacaaluu Hundeessaati.
Haacaaluun abbaa isaa Obbo Hundeessaa Boonsaafi haadha isaa Aadde Guddattuu
Horaa irraa bara 1976 magaalaa Amboo ganda Oddoo Liiban, kan amma ganda
06 jedhamuun beekamutti dhalate. Maatiin isaa gootummaafi qaruutummaa
isaa ilaalanii maqaa Haacaaluu jedhu akka moggaasaniif dubbatama. Aartisti
Haacaaluun maatii isaaf mucaa 5ffaa yoo ta’u, obbolaan dhiiraa jahaafi obbolaa
dubraa afur qaba. Ijoollummaa isaatti Goodaa Alaltuu keessa loon tiksee guddate.
Umriin isaa akkuma barumsaaf qaqqabeen bara 1981tti Mana Barnootaa Sadarkaa
Tokkoffaa Odaa Liiban jedhamu gale.
Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa yeroo baratu fedhii aartii guddaa waan qabuuf,
mana barnootaa keessatti sirboota Afaan Oromoo sirbuun barattoota bohaarsaa
ture. Aartiin cinattis, dhiibbaan ummata Oromoorra ga’aa ture akka dhaabbatuuf
sabboontota akka isaa waliin gaaffii mirgaa gaafachuu eegale. Sababa kanaanis,
bara 1995tti yakka tokko malee Karchallee Ambootti darbatame. Abbaan isaas,
“Jabaadhu gurbaa; hidhaan qoraasuma dhiiraati!” jechuun Haacaaluu jajjabeessaa
akka turan himama.

34
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Aartisti Haacaaluun mana hidhaa Karchallee keessatti caalaatti beekumsaafi


muuxannoo isaa gabbifate. Namoota akka isaa sababa Oromummaa isaaniitiif
hidhamaniifi kanneen biroo Afaan Oromoo dubbisuufi barreessuu hindandeenye
qubee barsiisuu eegale. Gama biroon, manuma hidhaa taa’ee yeedaloo sirbootaa
barreessuu jalqabe. Sirboota albeema isaa jalqabaa sagal mana hidhaa kanatti
barreesse.
Haacaaluun yakka tokko malee waggoota shaniif erga hidhamee booda, walabaan
bahe. Akkuma baheenis, gara Adaamaatti imaluun Baandii Urjii Adaamaatti
makame. Achiis, Finfinneetti deebi’ee albeema isaa jalqabaa ‘Sanyii Mootii’
jedhu maxxansiise. Sirboonni albeema isaa jalqabaa kun ummata Oromoofi
sabaafi sablammoota Itoophiyaa biroo waliin caalaatti wal isa barsiise. Albeema
2ffaa ‘Waa’ee Keenya’ jedhus maxxansiise. Albeema malee sirboota qeenxee
kanneen akka “Harmee Oromiyaa, Jabbiloota Koo, ‘Maalan Jira’fi ‘Jirra’ jedhan
hojjachuun isaa jaallatamummaa Haacaaluu daran dabaleera. Kana malees,
waltajjii adda addaa irratti sirbootaafi geerarsa adda addaa dhiyeessuun baay’ee
beekama. Keessumattuu, geerasa isaa Galma Barkumeetti geerareen adunyaa
guutuu ajaa’ibsiise. Geerarsa isaa kana keessaa buufatni tokko kunooti:
Geerar geerar naan jedhuu
Mee ka’ee geeraruuree?
Badi badi naan jedhuu
Mee ka’ee qajeeluuree?
Ani maalan geeraraa?
Anoo yaadan yeelalaa
Namni geeraree hinquufnee
Hidhaa Qaallittii jiraa
Hidhaa Qiliinxoo jiraa
Hidhaa Karchallee jiraa
 Karchallee Amboo jiraa…”

35
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

jechuun hidhamtoota Oromoo mirga ummata isaanii waan gaafataniif qofa


hidhaman jajuun gootummaa isaanii faarseera. Kanaafuu, Haacaaluun weellisaa
qofaa osoo hintaane, mirga namootaaf kan falmuufi qabsaa’aadha.
Sirbuufi mirga dhala namaaf mormuu cinattis, Haacaaluun arjummaa, gara
laafummaafi gaarummaa isaan baay’ee beekama. Hojii tola ooltummaa
Haacaaluun hojjate keessaa tokko ummata Oromoo shira siyaasaan qe’eefi
qabeenya isaanii dhiisanii Naannoo Sumaalee irraa buqqa’aniif sabboontota
akkasaa hirmaachisuun deeggarsa walitti qabuun tumseera. Gargaarsa inni
ummata buqqa’e kanaaf godhee ol imimmaan inni guyyaa isaan daawwachuuf
deeme buuse Oromoon hindagatu. Erga achii deebi’ees ummanni buqqa’e
sun dinagdeen akka of danda’an duula “Lammiin Lammiif” jedhurratti adda
durummaan hirmaateera. Akkasumas, tumsi inni aartistoota gameeyyii Oromoo
dhukkubsatan wal’aanuu keessatti taasise guddaa ture.
Walumaagalatti, Haacaaluun qabsoo ummata Oromoo itichuufi sagalee ummata
Oromoo ta’uun mirga ummata Oromoof falmeera. Afaaniifi aartii Oromoo
guddisuufi beeksisuu keessattis shoora guddaa taphateera. Haata’u malee,
qabsaa’aan mirga dhala namaafi aartistiin qaalii Oromoo kun Waxabajji 2012
lubbuun isaa harka namaan darbeera. “Qabsaa’aan nikufa; qabsoofi hojiin isaa itti
fufa,” akkuma jedhamu erga inni waareegamees sirboonni isaa hinmaxxanfamiin
turan albeema ‘Maal Mallisaa’ jedhu kooppii 300,000 karaa haadha warraafi
hiriyyoota isaan maxxansiifamuun gurra ummatasaa qaqqaabuu danda’eera.
Gilgaala 7
A. Dubbisa armaan oliirratti hundaa’uun qubee deebii sirrii qabate
filadhu
1. Waa’e hidhamuu Haacaaluu ilaalchisee kamtuu dogoggora?
A. Yakka hojjatee wagga shaniif hidhame.
B. Aartistii mirga Oromoof falmaa turedha.
C. Gara laafessaafi arjaa ture.
D. Hunduu deebiidha.
2. Maqaan albeemii Haacaaluuu inni 2ffaan isa kam?
A. Sanyii Mootii B. Maali Mallisaa C. Waa’e Keenya.

36
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

3. Haacaaluun dhalatee waggaa meeqatti addunyaa kanarraa boqote?


A. 35 B. 36 C. 37 D. 38
  4. Geerarsa isaa keessatti Haacaaluun “Anoo yaadan yeelalaa,” yoo jedhu
maal jechuudha?
A. calliseen gungumaa
B. ani goota
C. geerarsa nandanda’a
5. Kanneen armaan gadii keessaa kan Haacaaluu hinibsine kami?
A. Aartistii ta’uu isaa.
B. Qabsa’aa mirga namoomaa ta’uu isaa.
C. Barreessaa ta’uu isaa.
B. Deebii gaaffilee armaan gadii barreessuun deebisi.
1. Qabsaa’aan nikufaa; hojiin isaa ittifufa” jechuun maal jechuudha?
2. Gochoonni arjummaa Haacaaluu ibsan maal fa’i?
3. Haacaaluun geerarsa isaa keessatti “Kan geeraree hinquufne hidhaa
Qaallittii, Qiliinxoofi Karchallee” jira jechuun isaa maal jechuudha?
4. Seenaa jireenya Haacaaluurraa maal baratte?
Barannoo 4: Barreessuu

Gilgaala 8
A. Walqabsiistota gabatee gadii keessatti kennaman keessaa filachuun
bakka duwwaa irratti galchuun keeyyata gadii guutuu taasisi.
fi Haata’u malee waan
Kanaafuu ammoo yookaan

Hayilee Fidaa bara 1939 magaalaa Arjootti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa
tokkoffaa Arjoofi Naqamtetti barate. Barnoota sadarkaa lammaffaa ______
Finfinneetti kan barate yoo ta’u, qabxii “A” kudhanii___ “B” lama galmeessise.
Qabxii olaanaa_______ fideef barsiisaa ta’ee qacarame. Bara 1961tti ammoo,
Yunivarsiitii Finfinnee _____ Addis Ababaa seenee barate. Barnoota isaa
xumuruun achumatti barsiisaa ta’ee qacarame. Waggaa lama erga barsiisee booda,

37
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

gara biyya Faransaayi deeme. Faransaayittis jalqaba barnoota Ji’oo-Fiiziksii, itti


aansee __________ Soshooloojii baratee eebbifame.
Hayileen garee qorannoo barattoota Oromoo  jedhamu waliin Afaan Oromoo afaan
barreeffamaa akka ta’uuf qorannoo gaggeesseen Afaan Oromoo qubee Laatiniitiin
barreessuun filatamaa akka ta’e mirkaneesse. _________Hayilee Fidaa abbaa
qubee Afaan Oromoo jedhamuun beekama.
B. Walqabsiiftota hammattuu keessatti kennaman keessaa filachuun
hima armaan gadii guutuu taasisi.
1. Aartisti Haacaaluun Baandii Urjii Adaamaatti makamus________ itti
hintolleef dhiisee deeme. (kan, waan, yoo)
2. Aartisti Alii Birraa bara dukkanaa ______ keessa dungoo bilisummaa
Oromoof ibsaa ture. (kanaafuu, osoo, sana)
3. Haacaaluu Hundeessaa aartisti qofa _______ hintaane, qabsa’aa mirga
namoomaati. (osoo, waan, ammoo)
4. Albeemni Haacaaluu kan jalqabaa ‘Sanyii mootii’ ______ ta’u, albeemni
isaa lammaffaan _________ ‘Waa’ee Keenya’ jedha. _______, albeemni
isaa erga inni boqotee kan maxxanfame kan sadaffaa “Maali Mallisaa”
jedha. ________ Haacaaluun sirba albeemii sadii qaba jechuudha
(ammoo, yoo, Akkasumas, kanaafuu)
(yoo, ammoo, Akkasumas, Kanaafuu)
(Kanaafuu, yoo, ammoo, Akkasumas)
5. Alii Birraa___ Haacaaluun ummata Oromoo biratti baay’ee jaallatamoodha.
(kan, fi, waan)
C. Odeeffannoo armaan gaditti kennaman fayyadamuun seenaa jireenyaa
hiriyaa daree keetii gaafachaa keeyyata jalqabame xumuri.
· Haala dhalootaa
maqaa isaa/ishee____________________
maqaa maatii isaa/ishee ______________
baraafi bakka dhalootaa _______________
· Waan inni/isheen jaallatu/ttu
tapha__________________

38
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

nyaata ______________
raadiyoo dhaggeeffachuu_______________
kitaaba dubbisuu______________________
televizyinii daawwachuu ______________
· Wantota inni/isheen maatii gargaaraa guddate/tte
uffata miiccuu
suuqiitti ergamuu
horii tiksuu
Fakkeenyaaf,
Barattuu Dureettii Godaanaa abbaa ishee Obbo Godaanaa Roobaleefi harmee
ishee Aadde Jabanee Duubee irraa bara 2001 dhalatte. Bakki isheen itti dhalattes
Godina Shawaa Kaabaa aanaa Dagami. ….
Barannoo 5: Fayyadama Jechootaa
Gilgaala 9
A. Haala fakkeenya kennameen jecha hammattuu keessa jiru danoomsuun
bakka duwwaa guuti.
Fakkeenyaaf,
Guddisaan_____ baay’ee qaba. (sangaa)
Guddisaan sangoota baay’ee qaba.

1. Mootiin ________ shan bite. (farda)


2. Aadde Dureettiin ____ ollaa ishii jiran waliin hariiroo gaarii qabdi.
(nama)  
3. Aadde Lookoon Daraartuuf_____ hedduu bitte. (kitaaba)
4. Oromiyaan _______ gurguddoo baay’ee qabdi. (laga)
5. Haacaaluun________ollaa isaa jiran walitti qabuun seenaafi aadaa saba
isaa barsiisaa ture. (daa’ima)

39
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

B. Maqaa bineensotaafi sagalee isaan dhageessisan walitti firoomsi.


“A” “B”
1. saree a. nibookkisa
2. qamalee b. niholola
3. re’ee c. nidutti
4. harree d. nihimimsa
5. farda e. nikofalti
6. kormi f) nimar’atti
7. gaalli g) nihalaaka

Barannoo 6: Caasluga
Darbeennaa
Gilgaala 10 Qubee gochima yaada himoota asii gadii guutuu taasisu
qabate  filadhu.
1. Aadde Iftuun kaleessa Finfiinnee____.
A. deemuuf B. nideemti C. deemte D. deemuuf jirti.
2. Arfaasaan bara darbee gaarii _______.
A. jira B. ture C. nijira D. niture
3. Aadde Lookoon bardheengaddaa konkolaataa ______________.
A. bitte B. nibitti C. nibita D. bituuf
4. Abbootiin Gadaa bara darbe baallii walitti ________________ .
A. dabarsu B. dabarsan C. dabarsuuf D. nidabarsu
5. Bara darbe jiraattonni ganda keenyaa biqiltuu hedduu _______ .
A. nidhaabu B. dhaaban C. dhaabu D. dhaabuuf
6. Jijeen waggaa lamman darbe barnoota ishee _______.
A. xumurte B. xumuruuf C. xumurti D. nixumura ta’a.

Yaadannoo
Darbeennaan gocha yookaan taatee yeroo darbe keessatti raawwatame kan
agarsiisudha.

40
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BOQONNAA 5 BISHAAN
Boqonnaa kana jalatti dubbisa mata dureen isaa ‘Faalama Bishaanii’ jedhu
nidhaggeeffatta. Dubbisa mata dureen isaa ‘Seera Fayyadama Haraa-Eelaa’’ jedhu
ammoo, nidubbista. Kana malees, barannoowwan adda addaa mata dureewwan
kanneen bu’uura godhachuun qophaa’an kanneen akka barreessuu, fayyadama
jechootaafi caaslugaa nibaratta. Kanaafuu, xiyyeeffannoon hojjachuun sirraa
eegama.

Bu’aalee barachuu
Xumura barannoowwan boqonnaa kanaatti:
• dubbisa dhaggeeffattee yaadannoo niqabatta;
• yaada ijoofi calla dubbisa dhaggeeffattee nihimta;
• dubbisa dhiyaate dubbisuun yaada callaafi ijoo addaan baafta;
• jechoota adda addaatiif hiika nikennita;
• hariiroo sababaafi bu’aa agarsiisu fayyadamuun barruu nibarreessita;
• raawwimaafi taasima adda nibaafatta.
• hima raawwimaafi taasima agarsiisu nibarreessita.

41
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 1: Dhaggeeffachuu
Faalama Bishaanii

Gilgaala 1. Gaaffilee asii gadiirratti gareen mariyadhaa.


1. Naannoo keessanitti wantoonni bishaan faaluu danda’an maal fa’i?
2. Fakkii armaan olii yommuu ilaaltu dubbisni dhaggeeffachuuf deemtu
waa’ee maaliiti jettee yaadda?
3. Hiika jechoota asii gadii tilmaami.
a. faaluu____________________
b. balfa____________________
c. dhangala’oo_______________
Gilgaala 2. Dubbisa siif dubbifamu dhaggeeffachaa gaaffilee armaan
gadii deebisi.
1. Balfi dhangala’oon bishaan faaluu danda’an maal fa’i?
a.____________________
b. _________________
c. _________________
2. Keemikaalonni bishaan faaluu danda’an maal fa’i?
a.____________________
b. _________________
3. Balfi dhangala’oo hintaane, kanneen bishaan faaluu danda’an maal fa’i?
a.____________________
b. _________________

42
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 2: Dubbachuu
Gilgaala 4. Gaaffilee armaan gadiirratti gareen mariyachuun afaaniin
dareef gabaasaa.
1. Wantonni mana barnootaa keessan faaluu danda’an maal fa’i?
2. Manni barnootaa keessan wantoota garagaraan akka hinfaalamne maal
gochuu qabdu?

Barannoo 3: Dubbisuu

Gilgaala 5. Gaaffilee armaan gadii dubbisa dhiyaate osoo hindubbisiin


deebisi.
1. Fakkii armaan oliirraa maal hubatte?
2. Jireenya horsiisee bulaa keessatti maddi bishaanii maalfa’i jettee yaadda?
3. Waa’ee Haraa- Eelaa maal beektu?
4. Hiika jechoota asii gadii afaaniin deebisi.
a) hara ___________________
b) eela ___________________
c) borcuu__________________

43
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Gilgaala 6. Gaaffilee armaan gadii dubbisa dhiyaate dubbisaa deebisi.


1. Seeronni Haraa Eelaa waggaa ______ tti haaromfama.
2. Haraa Eelaatti dallaa ijaaruun ____________fayyada.
3. Keeyyata 2ffaa sarara 5ffaa irratti gaaleen ‘…….Adeemsi kun……..’ jedhu
maal bakka bu’a?
A. Adeemsa adabbiin itti gaggeeffamu
B. Adeemsa itti fayyadama bishaan haraa eelaa
C. Adeemsa filannoo koree
4. _______ jechuun, nama bishaan boolla eelaa yeroo jalqabaaf qotee
baasedha.
5. Akka seera Haraa-Eelaatti bishaan kan eenyuuti?
6. Adeemsi itti fayyadama bishaan haraafi eelaa keeyyata meeqaffaa keessatti
ibsame?
Seera Fayyadama Haraa-Eelaa
Haraa Eelli Oromiyaa baay’inaan aanaalee horsiisee bulaa bakka hanqinni roobaa
jiru keessatti tajaajila. Hara kan jedhamu lafa dhooqaa keessatti lolaa roobaatiin
yookaan humna namaatiin kan kuufamudha. Eelli ammoo, bishaan boolla
keessaa kan gadi fageenyaan qotamee ba’udha. Sirni Gadaa qabeenya uumamaa
kunuunsuuf seera tuma. Seerota kanneen keessaa Seerri Haraa Eelaa isa tokko.
Akka seera Haraa Eelaatti itti fayyadamni haraas ta’e eelaa adeemsa mataa isaa
qaba. Kunis, bishaan eela keessaa toohuun loon obaasuuf naanniga horiin itti
dhugu qopheessuun barbaachisaadha. Jalqaba, bishaan faccaanatti toohama.
Itti aansuun, faccaana keessaa naannigatti naquun loon obaasu. Adeemsi kun,
qisaasinni bishaanii akka hinuumamne taasisa. Bifuma kana fakkaatuun, bishaan
haraa fayyadamuu keessatti seera eegamuu qabutuu jira. Kanneen keessaa inni
tokko, qulqullina isaa eegsisuudha. Kana gochuuf ammoo, dallaan itti ijaaramuu
qaba. Akkuma bishaan eelaaf naannigni hojjatamu, horiin hara keessa seenee
akka hinborcine meerii yookaan tarraamuutu haratti hojjatama.
Seerri Haraa Eelaa faayidaa hedduu qaba. Faayidaalee kanneen keessaa inni
jalqabaa, hawaasni yommuu horii bishaan obaafatu akka walitti hinbuune taasisa.
Faayidaan isaa inni biroon, qulqullina bishaanii eegsisuu isaati. Horiin bishaan
borcee akka hinballeessine taasisa. Kun ammoo, fayyaan namaafi loonii akka
44
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

eegamu gargaara.
Seerri Haraa Eelaa koree ittiin gaggeeffamu qaba. Miseensota koree keessaa inni
tokko konfiidha. Konfii jechuun, nama bishaan boolla eelaa yeroo jalqabaatiif
qotee baase. Konfiin yeroo tokko tokko ‘Abbaa Eelaa’ jedhamees niwaamama.
Miseensonni koree Haraa-Eelaa kan biroon ammoo, Yuubarraa kan filataman
yommuu ta’u, koreewwan konfiifi Yuubarraa ijaaraman kunniin bakka tokkotti
‘Abbaa Herregaa’ jedhamuun waamamu.
Akka seera Haraa Eelaatti bishaan kan hawaasaati malee kan nama dhuunfaa
yookaan garee tokkoo miti. Haras tahe Eela hawaasa ollaa tokko jiraatutu waliin
baasa; waliinis itti fayyadama. Kanaafuu, konfii qofa osoo hintaane miiloo
yookaan hawaasa bal’aatu itti fayyadama jechuudha. Kunuunsaafi bulchiinsa
isaa ilaalchisee reeraafi dheedatu irratti hirmaata.
Seera Haraa Eelaa keessatti qaamni wantoota armaan gadii cabse akkaataa
seerichaan ni’adabama. Inni jalqabaa, dabaree ofii eeggachuu dhabuudha. Haala
dabaree koreen baasuun fayyadamuun dirqama waan ta’eef, namni dabaree
cabse ni’adabama. Inni lammaffaan ammoo, haraafi eela miilaan keessa seenuun
borcuudha. Sadaffaan, osoo naanniga hinqopheessiin horii gara haraafi eelaatti
oofuunis seera Haraa Eelaan ala. Akkasumas, namni loon isaa naannigarraa
goree bishaan keessa seenee booresses ni’adabama. Inni shanaffaan, Erga horiin
bishaan dhugee booda, naannawa Haraa Eelaatti faltii/ dhoqqee horii jiru abbaan
loonii qulqulleessuuf dirqama qaba. Walumaagalatti, namni seerota kanneen
cabsee ni’adabama. Seeronni kunneenis waggaa saddeet saddeetiin haaromfama.
Gilgaala 7. Gaaffilee armaan gadii dubbisa oliirratti hundaa’uun
barreessun deebisi.
1. Seeronni Haraa Eelaa maal fa’i?
2. Bishaan haraafi eelaa fayyadamuu ilaalchisee seera itti baasuun kunuunsuun
maaliif barbaachise?
3. Akka seera Haraa Eelaatti nama maalfaa balleessetu adabama?
4. Yaadni ijoo keeyyata 4ffaa maali?
5. Dubbisa ‘Seera Haraa Eela’ jedhurraa maal baratte”

45
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 4: Barreessuu
Gilgaala 8. Gumee gabatee armaan gadii fayyadamuun barruu
sababaafi bu’aa agarsiisuun keeyyata jalqabame xumuri.

Sababa Bu’aa
Biyyee kunuunsuu
- dhiqama biyyee hambisa
- daagaa hidhuu
- bosonni akka jiraatu taasisa
- biqiltoota dhaabuu
Bosona kunuunsuu - dhiqama biyyee hambisa
- biqiltuu dhaabuu - rooba ga’aa argamsiisa.
- mukkeen muruu dhiisuu - madda bishaanii gabbisa
Bishaan kunuunsuu
- bosonni akka jiraatu taasisa
- qulqullina isaa eeguu - bishaan qulqulluu argachuu
- seeraan itti fayyadamuu - dhiqama biyyee hambisa

Fakkeenyaaf,
Qabeenyi uumamaa sababa garagaraatiif kunuunsama. Fakkeenyaaf, daagaa
hidhuudhaan biyyeen yoo kunuunsame, dhiqamni biyyee hinjiraatu. Biqiltuun
yoo heddumminaan dhaabames, bosonni akka jiraatu godha. Bosonni yoo jiraate
ammoo, rooba ga’aatu argama. Kana malees, mukkeen yoo muramuu baatan,
…………………………… …………… …………… …………… ……………
…………… ……… … …… …… ………… …………………………………
Gama birootiin, bishaan yoo kunuunfame, … ……… ……… ………… …………
…… …………… ……………………………………… Walumaagalatti,
qabeenyi uumamaa yoo haalaan kunuunfame ,………… …… …… ……………

Barannoo 5: Fayyadama Jechootaa


Gilgaala 9
A. Hiika jechoonni jala sararaman galumsa keessatti qaban barreessi.

46
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Fakkeenyaaf,
Aadde Boontuun loon bacaa qabdi. = baay’ee/danuu
1. Abdiin bishaan eela keessaa toohuun horii obaase.
2. Akka seera Haraa-Eelaatti bishaan eela keessaa toohuun loon obaasuuf
naanniga horiin keessaa dhugu qopheessuun barbaachisaadha.
3. Horiin hara keessa seenee akka hinborcine, tarraamuu itti ijaaruun
barbaachisaadha.
4. Meetiin guyyaa gaa’elaa ishee miiloo ishee waliin suuraa kaate.
B.. Jechoota roga ‘A’ jalatti kennamaniif hiika isaanii roga ‘B’ jala
filuun walitti firoomsi.
A B
1. godaanuu a. deemuu
2. gololchuu b. nyaachisuu
3. ceeruu c. yeella’uu
4. kabajuu d. ulfeessuu
5. kolbaa e. ummata
f. caraanuu
g. tarraamuu/dallaa

Barannoo 6: Caasluga
Raawwimaafi Taasima
Gilgaala 10
A. Fakkeenya kenname ilaaluun yaada sirrii ta’een hima xumuri.
Fakkeenya,
a. Isheen foddaa_______
Isheen foddaa qulqulleessite..
b. Mi’eessoon warqii mormaa______
Mi’eessoon warqii mormaa bite.
Himoonni armaan olii gocha qaamni tokko qaama biroo irratti raawwachuu
agarsiisu. Afaan Oromoo keessattis himoonni akkasii “Raawwima” jedhamuu.
Himni Raawwimaa qaama wanti tokko irratti raawwatame osoo hinta’iin, qaama
raawwate irratti xiyyeeffata.

47
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

1. Roobaan kitaaba______________.
2. Haati Gammadaa biddeena_______________
3. Isaan kubbaa __________.
B. Fakkeenya kenname ilaaluun yaada sirrii ta’een hima xumuri.
Fakkeenyaaf,
a. Sangaan ________
Sangaan gurgurame.
b. Biqiltuun ________
Biqiltuun dhaabame.
Himoonni armaan olii gochi ta’e qaama ta’erratti raawwachuu ibsu. Afaan
Oromoo keessattis himoonni akkasii “Taasima” jedhamuu. Himni taasimaa qaama
raawwate osoo hinta’iin qaama wanti tokko irratti raawwatamerratti xiyyeeffata.
1. Dammi __________________.
2. Biddeenni __________________.
3. Manni _______________.
C. Himoota taasimaa armaan gadii gara raawwimaatti jijjiiri.
Fakkeenyaaf,
Biqiltuun barattootaan dhaabame. (Hima taasimaa)
Barattoonni biqiltuu dhaaban. (Hima raawwimaa)
1. Bunni isaaniin danfe.
2. Balballi ijoolleedhaan baname.
3. Badhaasni hoganaadhaan laatame.
4. Ibsaan ogeessan ibsame.
D. Himoota kanneen raawwimafi taasima agarsiisan sadi sadi
barreessa.
Himoota raawwimaa
1. ____________________________________
2. ____________________________________
3. _____________________________________
Himoota taasimaa
1. ____________________________________
2. ____________________________________
3. ____________________________________

48
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BOQONNAA 6 AFWALALOO
Mata duree boqonnaa kanaa ‘Afwalaloo’ jedhu jalatti dubbisa “Weedduu
Fuudhaafi Heerumaa’ jedhu nidhaggeeffatta. Dubbisa ‘Geerarsa’’ jedhu ammoo,
nidubbista. Kana malees, barannoowwan adda addaa mata dureewwan kanneen
bu’uura godhachuun qophaa’an kanneen akka barreessuu, fayyadama jechootaafi
caaslugaa nibaratta. Kanaafuu, xiyyeeffannoon hojjachuun sirraa eegama.

Bu’aalee barachuu
Xumura barannoowwan boqonnaa kanaatti:
• ergaa barruu dhaggeeffattee nihimta;
• afwalaloo barreeffame bifa sirrii ta’een nidubbista;
• afwalaloo barreeffame dubbisuun ergaa isaa nihimta;
• hiika jechoonni/gaaleewwan galumsa keessatti qaban nikennita;
• afwalaloo naannoo kee jiru keessaa filachuun nibarreessita;
• walqabsiistota barruu keessatti nifayyadamta.

Barannoo 1: Dhaggeeffachuu
Weedduu Fuudhaafi Heerumaa
Gilgaala 1. Gaaffilee asii gadii afaaniin deebisi.
1. Afoola Oromoo maalfaa beekta?
2. Naannoo keetti weedduun aadaa yeroo akkamiifaa weeddifama?
Gilgaala 2. Dhaggeeffachaa bakka duwwaa kenname guuti.
1. Achi laalimee gaara Heeraraa
Eenniyyoo ajjeese _______
2. Ilaala aduun itti haa baatuu
Imaanaa xurii itti _______

49
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

3. Gooruu diqqayyoo jala diiganii.


Boonaa Aadiyyoo _________
Gilgaala 3. Gaaffilee asii gadiirratti gareen mariyachuun deebisaa.
1. Afwalaloo dhaggeeffatte kanaan eenyutu eenyuun faarsa? Maaliif akkas
jette? Afwalalicha keessaa fakkeenya fudhachuun ibsi.
2. Ergaan walaloo dhaggeeffatte kanaa maali?
3. Weedduu fuudhaafi heerumaa naannoo keetti dhiiraan weeddifamu
keessaa tokko afaaniin dareef dhiyeessi.

Barannoo 2: Dubbachuu
Gilgaala 4
A. Afwalaloo fuudhaafi heerumaa gaditti dhiyaate hiriyaa kee waliin
waljalaa qabaa weeddisaa . Ergaa afwalalichaas walitti himaa.
A. Gallee gallee B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Gargar gallee aaddaa B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Borboriisoo B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Odaan yuubi aaddaa B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Odeeffannee B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Gammeen duubi aaddaa. B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Yuubi jaaree B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Teessoo muree aaddaa B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Warri nyaaphaa B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Kennii muree aaddaa. B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Warri keennoon B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Nu leellisa aaddaa B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Hamaan ormaa B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Nu leenjisa aaddaa. B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Warri keennoo B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Dhalee jedhe aaddaa B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Hamaan ormaa B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Saree jedhe aaddaa B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Warrii keennoo B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Lootii mare aaddaa B. Iyyaan iyyaa hoo
A. Hamaan ormaa …… B. Iyyaan iyyaa hoo...
50
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

B. Afwalaloo fuudhaafi heerumaa shamarraniin naannoo keetti weeddii-


famu barattoota daree keetiif afaaniin dhiyeessi. Ergaa afwalalichaas ibsi.
Barannoo 3: Dubbisuu
Gilgaala 5. Deebii gaaffiilee armaan gadii afaaniin kenni.
1. Afwalaloon maali?
2. Geerarsi maali? Maaliif geerarama?
Gilgaala 6. Gaaffiilee armaan gadii geerarsa gaditti dhiyaate dubbisaa
deebisi.
1. Afwalaoon afaaniin dhalootarraa dhalootatti ce’uudhaan _____ irraa
adda ta’a.
2. Kan qabu firri hinjibbuu alagaan hinjaallatu
____________ garaan hinwallaallatu.
3. Gatamaatti hirkatanii, booyyeen lagatti galti;
Gantuu mariyatanii, ___________________.
4. Andoodeen __________, kan muka ta’uuf malu.
Maagaan soogidda jibba kan bofa ta’uu malu.
Geerarsa
Afwalaloon akaakuu afoolaa keessaa tokko. Afaaniin dhalootarraa dhalootatti
ce’uudhaan barwalaloo irraa adda ta’a. Hawaasni Oromoo afwalaloo adda
addaa dhimmoota garaagaraa keessatti itti gargaarama. Baay’ee isaanii keessaa
tokko geerarsa. Ummanni Oromoo geerarsa waan hedduudhaaf itti dhimma ba’a.
Fakkeenyaaf, geeraruun cimaa isaa faarsa; wallaalaa isaa gorfata; dogoggoraa isaa
ceepha’a; fedhii isaa ibsata; aarii, gaariifi gaabbii isaa seenessa. Walumaagalatti,
geerarsi waa’ee jireenya isaa mara waan tuttuquuf itti fayyadama. Seera isaa
eeguudhaan geerara. Yoo jalqabus akkana jechuun ta’u danda’a:
Takkaa barooduu laataa
Narraa hinbareeduu laataa
Takkaa bookkisuu laataa
Narraa hinfokkisuu laataa
Weenniin mukarra bule

51
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Eegeen bissii fakkaataa


Geeraruun dura wayyaa
Booddeen machii fakkaata. …
Kana booda, dhimmoota geerarsaan ibsuu barbaade itti aansee jedha. Fakkeenyaaf,
dhiibbaa irra gahee ibsachuuf akkana jedhee geeraruu nidanda’a:
Abbabbaa yaa gaariikoo
Anoo hinbaane aariikoo
Kan qabu firri hinjibbuu
Alagaan hinjaallatu
Nama namaaf gammadu
Garaan hinwallaallatu
Tulluu gaara buttujjii
Kam dabarree kam dhiifnaa
Hunduu nyaara bubbuttii
Kam gabbarree kam dhiifnaa
Gatamaatti hirkatanii
Booyyeen lagatti galtii
Gantuun mari’atanii
Booddee namatti maltii.
Andoodeen ganna jibba
Kan muka ta’uuf malu
Maagaan soogidda jibba
Kan bofa ta’uuf malu
Lammiin koo maaf wal jibba
Kan diina mo’uuf malu …
Haaluma kanaan, kan geeraru dhimmoota adda addaa ibsuudhaaf geerarsa isaa
itti fufa. Kanneen jalaa qabanis jajjabeessuudhaan hamilee kennu. Jalaa cookus.
Gilgaala 7. Gaaffilee armaan gadiif deebii sirrii ta’e filadhu.
1. Walaloon geerarsaa maaliif “afwalaloo” jedhame?
A. afaaniin dhalootarraa dhalootatti waan darbuuf
B. barreessanii tursiisuun waan hindanda’amneef
C. geerarsi ergaa baay’ee waan dabarsuuf D. hunduu deebii ta’u

52
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

2. Namni geerarsa armaan olii geerare, maaliif boodarra geeraruu


hinbarbaanne?
A. Jalqaba irra geeraruun beekamuu waan fedheefi
B. Boodarra geeraruun miira dhugaa isaa waan hinagarsiisneefi.
C. Boodarra dabareen geerarsaa waan walhanqatuufi.
D. Jalqaba geeraruun bookkisuuf waan toluufi.
3. Kanneen armaan gadii keessaa kan dhimma geeraraa hinagarsiisne
kami?
A. Geeraraan kun aarii qaba.
B. Akka geeraraa kanaatti nama qabeenya qabu alagaan nijaalata.
C. Akka geeraraa kanaatti namni kan isaa gammadu garaatti nibeeka.
D. Akka geeraraa kanaatti nama qabeenya qabu firri hinjaalatu.
4. Akka afwalaloo geerarsaa kanaatti geeraraan kun namoota waliin walii
galtee niqaba.   A. Dhugaa B. Soba
5. Buufattoota yookaan sararoota dhuma afwalaloo kanaa irra jiran sadan
irraa maal hubatte?
6. Walumaagalatti, dhaamsi afwalaloo kanaa maali?
7. Geerarsa naannoo keetti beekamu barreessii dhaamsa isaa waliin daree
keetiif dhiyeessi.
Barannoo 4: Barreessuu
Gilgaala 8
A. Afwalaloo naannoo keetti beektu keessaa, fakkeenyaaf tapha ijoollee,
faaruu loonii, sirba jaalalaa, mararoo, arrabsoo yookaan sirba
fuudhaafi heerumaafi kanneen kana fakkaatan sadii barreessuudhaan
daree keetiif dhiyeessi.
B. Tokkoon tokkoon afwalaloo barreessitee dhaamsa maalii akka qabu
ibsi.
Barannoo 5: Fayyadama Jechootaa
Gilgaala 9
A. Hiika dubbiin qolaa jala sararame qabu barreessi.
Fakkeenya,

53
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

    Caalchisaan akka billaachaatti fiiga. akka billaachaa = baay’ee saffisaan


1. Dubbiin isaa lafee nama cabsa.
2. Dhukkubni koronaa namoota baay’ee akka baalaatti harcaase.
3. Urgooftuun isheen dibatte halaalaa nama waama.
4. Ijji ishee bakkalcha bariiti.
5. Konkonni funyaan isaa foon mura.
6. Inni osoo ilaaluu rafa.
7. Mormi Darmii alangaa roophii fakkaata.
8. Obbo Dagaagaan leenca.
9. Sangaan Obbo Abdii hamma arbaa ga’a.
B. Hiika dubbii qolaa asii gadii barreessi. Itti aansuun, hima ittiin ijaari.
1. akka gaararraa_________________
2. amma dilbaa___________________
3. jiraatti du’e____________________
4. akka eegee fardaa______________
5. ciimmaa qeerransaa______________

Yaadannoo

Dubbiin qolaa akkaataa dubbiiti. Akkaataan dubbii kun akkaataa jechootatti bifa
addaatiin fayyadamanii dhaamsi yookaan ergaan ibsamuu barbaadame ifa
taasifamu. Fakkeenyaaf, hima, ‘Gammachuun qeerransa,’ jedhu keessatti jechi
‘qeerransa’ jedhu bifa addaatiin tajaajile. Kana irraa kan ka’e, ergaan hima
kanaa haala baramaa irraa jijjiiramee jira. Haala kanaan, ergaa ‘Gammachuun
bineensa bosonaa ta’e,’ jedhu hinqabu; ergaa ‘Gammachuun goota,’ jedhu qaba.
Kana jechuun, hiikni jecha ‘qeerransa’ jedhuu isa ‘goota’ jedhu bakka bu’a.
Garuu, gootummaa Gammachuu miidhagsee ibsuudhaaf, jecha ‘qeerransa’ jedhu
fayyadamuutu caala. Kun dubbii qolaa fayyadamuudha. Kanaafuu, dubbiin qolaa
dibata fuula haasawaa yookaan ergaa darbuuti jechuun nidanda’ama.

54
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 6: Caasluga
Gilgaala 10
A. Himoota asiin gadii keessaa walqabsiistota adda baasii barreessi.
Fakkeenya,
Yoo jabaatanii hojjatan, bakka yaadan ga’u.
Yoo jabaatanii hojjetan, bakka yaadan ga’u.
1. Farda, gaangeefi harreen horii kotte duudaa jedhamu.
2. Kuulaniin baay’ee qayyabatti; kanaaf, qabxii gaarii fidde.
3. Faajjiin waan aadaa isaa kabajuuf, hawaasa biratti baay’ee jaallatama.
4. Halkaniifi guyyaa yoo hojjatan deega mo’achuun nidanda’ama.
5. Osoo ilaallachaa tarkaanfattee, gufuun ishee hindhawu.
6. Qusannaan jiruufi jireenya keenya fooyyeessa; akkasumas, guddina
biyyaaf qooda ol’aanaa qaba.
B. Walqabsiistuu hafe barreessuun yaada himaa guutuu taasisi.
Fakkeenyaaf,
Arfaasaa qotan ______birraa maal aramatu? (malee)
Arfaasaa qotan malee birraa maal aramatu?
1. Barumsi guddina biyya tokkoof bu’uura _____ ta’eef lammiin hundi
barachuu qaba.
2. ______ beelofte nyaadhu; yoo dheebottes dhugi.
3. Baay’ee duumessaa’eera; _____, bokkaan roobuu hinoolu.
4. Fincaa’aan laga Soor Iluu Abbaa Booritti argama. ___ ani deemee
daawwadhee hinbeeku.
5. Gaara Mul’ataa ______ Tulluu Cuqqaalaatu caalaatti ol dheerata?
6. Qonnaa ______ daldala keessaa tokko filadhu.
7. Ana _____ ishee caalaa jaallatta?

55
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BOQONNAA 7
TOLA OOLTUMMAA
Mata duree ‘Tola Ooltummaa” jedhu kana jalatti dubbisa ‘Abbabach Goobanaa’
jedhu nidhaggeeffatta. Dubbisa ‘Tola Ooltummaa’ jedhu ammoo, nidubbista.
Kana malees, barannoowwan adda addaa mata dureewwan kanneen bu’uura
godhachuun qophaa’an kanneen akka barreessuu, fayyadama jechootaa,
caaslugaafi afoola nibaratta. Kanaafuu, hunda isaanii xiyyeeffannoon hojjachuun
sirraa eegama.
Bu’aalee barachuu
Xumura barannoowwan boqonnaa kanaatti:
• dubbisa dhaggeeffattee yaada isaa ni’ibsita;
• yaadrimee mata duree kennamee nihimta;
• dubbisa dhiyaate dubbisuun yaada callaafi ijoo adda nibaafta;
• odeeffannoo kenname fayyadamuun keeyyata nibarreessita;
• gochimoota ce’oofi hafoo addaan baafta;
• adeemsa hiibboon itti taphatamu hordofuun hiibboo nitaphatta;
• hiibboo garagaraaf deebii nikennita.

56
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 1 : Dhaggeeffachuu
Abbabach Goobanaa

Gilgaala 1. Gaaffilee asii gadiirratti mariyachuun afaaniin deebisaa.


1. Dubartiin manguddoo fakkii armaan olii kana keessaa mul’attu beektaa?
2. Naannoo keetti dubartiin hojii tola ooltummaa hojjachuun fakkeenyummaa
qabdu jirtii? Yoo jiraatte, maalfaa hojjatte?
3. Waa’ee Abbabach Goobanaa maal beekta?
Gilgaala 2. Dubbisa siif dubbifamu dhaggeeffachaa gaaffilee asii gadii
deebisi.
1. Abbabach Goobanaa godina kam keessatti dhalatte?
2. Abbabach gara Gisheen Maaram deemtee yommuu deebitu karaarratti
maal agarte? Agartee hoo maal maal goote?
3. Abbabach Gisheen Maaramii deebitee yommuu mana geessu abbaan
warraa ishee gammachuun simate. A. dhugaa B. soba
4. Abbabach dhaabbata maqaa isheen hundeeffatte keessatti maalfaa hojjatte?
5. Yunivarsiitiin Finfinneefi Sagantaan Nyaataa Addunyaa Abbabachiif
badhaasa akkamii kennan?
6. Dhaabbanni Abbabachiif dooktorummaa kabajaa kenne eenyu?
Gilgaala 3. Deebii gaaffilee armaan gadii afaaniin kenni.
1. Dubbisa dhaggeeffatte keessaa maaltu sitti tole?
2. Hojii tola ooltummaa hojjachuun ofiifi hawaasaaf bu’aa maalii qaba?
3. Dubbisa dhaggeeffatterraa maal hubatte?
57
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 2: Dubbachuu
Gilgaala 4. Yaadota lamaan armaan gadii irratti gareen mariyachuun
waan irratti waliigaltan afaaniin dareef babaasaa.
1. Namni nama gargaaruuf qabeenya qabaachuu qaba.
2. Namni nama gargaaruuf nama ta’uun qofti gahaadha.

Barannoo 3: Dubbisuu

Gilgaala 5
A. Gaaffilee asii gadii dubbisa dhiyaate dubbisuun dura deebisi.
1. Naannoo keetti namoonni hojii akkamii hojjachuun tola oolu?
2. Mata duree “Tola ooltummaa” jedhurraa maalan baradha jettee yaadda?
B. Hiika jechoota asii gadii tilmaamii barreessi.
1. gamtaa ___________________
2. dandamachuu _____________
3. araddaa __________________

Gilgaala 6. Gaaffilee armaan gadii dubbisa dhiyaate dubbisaa deebisi.


1. Dargaggoonniifi shamarran Araddaa Birbirsaa Ganna hojii tola ooltummaa
maalfaa hojjatu?
2. Keeyyata 1ffaa keessatti, gaaleen ‘……hojii akkanaa …..’ jedhu maal
bakka bu’a?
A. humna, beekumsaafi maallaqa ofiin lammii ofii tumsuu
B. hojii filanii jaallachuu

58
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

C. ganna ganna hojii hojjatamu


D. hojii bona bona hojjatamu
3. Dargaggoonniifi shamarran Araddaa Birbirsaa biqiltu eessa dhaabu?
4. Biqiltoota dhaabuun faayidaa maal qaba?
5. Dargaggoonniifi shamarran Araddaa Birbirsaa Ganna daa’immaniifi
ga’eessota maal barsiisu?
Tola Ooltummaa
Tola ooltummaan fedhii ofiin waan matayyaas ta’e, biyya nifayyada jedhanii
yaadan kaffaltii malee dalaguudha. Kunis, humna, beekumsaafi maallaqa ofiin
lammii ofii tumsuu dabalata. Hojii akkanaa kana raawwachuun dargaggoonniifi
shamarran Araddaa Birbirsaa fakkeenyummaa gaarii qabu. Dargaggoonniifi
shamarran kunneen namoota hanga giidoo isaaniitti hirmaachisuun
biqiltoota faayidaa hawaasaatiif oolan dhaabuu, kunuunsuufi harka qalleeyyii
gargaraaruudhaan beekamu. Hojiilee isaanii kanneenis Waqtiilee adda addaa
keessa hojjatu.
Fakkeenyaaf, biqiltoota faayidaa hawaasaatiif oolan dhaabuuf, jalqaba irratti
ummata walitti waamanii mariyachiisu. Marii taasisaniin lafa midhaan ta’u,
kan dheedichaaf ooluufi kan lamaanifuu hintaane adda baasuudhaan akka itti
fayyadaman amansiisu. Sana booda, ogeeyyii qonnaa waliin ta’uudhaan adda
baasu. Itti fayyadama lafa qonnaa irratti ogeeyyii irraa akka gorsa fudhatan
jajjabeessu. Kan qonnaaf hintaane ammoo, biqiltoota dhaabuun akka fayyadamuu
danda’an itti himu. Itti himuu qofa osoo hintaane, bara baraan sanyii biqiltootaa
warreen biqilchan biraa fuudhuudhaan hawaasa isaanii waliin gamtaadhaan
dhaabu. Kunneen hojii isaanii Arfaasaafi Gannaati.
Kana boodas, dhaabuu qofti ga’aa waan hintaaneef, dargaggoonniifi shamarran
Araddaa Birbirsaa hawaasa waliin ta’uun biqiltoota dhaaban sirriitti kunuunsu.
Waqtii Birraan biqiltoota hunda jalaa shuqunu. Tuttuqqaa namootaafi
beeyladootaa irraa eeguufis itti ijaaru; waqtii Bonaa keessa ammoo, bishaan
obaasu. Kanarraa kan ka’e, biqiltoota isaan dhaaban keessaa danuutu guddatee
jira. Isaan ammallee hojii kana itti fufuuf, fedhii guddaa qabu. Kan marsaa itti
aanutti hojjatan karoorsaa jiru. Haala kanaan, dargaggoonniifi shamarran kunneen

59
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

hawaasa isaanii waliin ta’uun hojii isaanii kanaan akka bosonni naannoo isaanii
deebi’ee dandamatu taasisaa jiru.
Kana malees, tola ooltummaan dargaggoonniifi shamarran gama hawaasummaatiin
hojjachaa jiran raajiidha. Baay’ee isaanii keessaa manneen namoota harka
qalleeyyii haaromsuufi daa’immaniifi ga’eessota qubeefi herrega barsiisuu
akka fakkeenyaatti kaasuun nidanda’ama. Yeroo gabaabaa keessatti namoota
baay’eef mana haaromsanii jiru; daa’immaniifi ga’eessota dubbisuufi barreessuu
hindandeenye qubee barsiisuuun qooyyabuufi shallaguu dandeessisanii jiru.
Hojii tola ooltummaafi tajaajila lammummaa isaanii kanaafis bulchiinsi araddaafi
aanaa isaanii beekkamtiifi waraqaa ragaa kennaniifii jiru.
Walumaagalatti, dargaggoonniifi shamarran Araddaa Birbirsaa humna,
beekumsaafi maallaqa isaaniin hojii tola ooltummaa hojjataniin lammii, biyyaafi
hawaasa isaaniif abdii guddaa ta’aniiru. Namoota humna hinqabneefi harka
qalleeyyii hedduu rakkoo keessaa baasaniiru. Daa’immaniifi ga’eessonni hedduun
dubbisuufi barreessuu, akkasumas qooyyabuufi shallaguu akka danda’an tumsa
olaanaa taasisaniiru. Naannoon isaanii miidhamarraa akka baraaramu shoora
isaanii taphachuu danda’aniiru. Hojii tola ooltummaa hojjataniinis jireenya
isaaniitti gammadoo isaan taasisee jira.

Gilgaala 7. Gaaffilee armaan gadii dubbisa irratti hundaa’uun deebisi.


1. Dargaggoonniifi shamarran Araddaa Birbirsaa shoora isaanii akkamitti
ba’an?
2. Yaadni ijoo keeyyata 4ffaa maali?
3. Dargaggoonniifi shamarran Araddaa Birbirsaa hawaasa naannoo isaaniif
bu’aa maalfaa buusan?
4. Tola ooltummaan lammiifi biyya ofii tajaajiluun bu’aa maal qaba?
5. Dubbisa mata dureen isaa ‘Tola ooltummaa’ jedhurraa maal baratte?
6. Gara fuula duraatti hojii tola ooltummaa kanneen akkamii hojjachuu
barbaadda?

60
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 4: Barreessuu
Gilgaala 8
A. Adeemsa keeyyanni armaan gadii ittiin barreeffame ilaali.
Gumee qopheessuu
I. Yaada ijoo filachuu
- Gaarummaa
II. Yaadolee callaa tarreessuu
- yaada gaarii qabaachuu
- arjaa ta’uu
- karaa adda addaatiin nama gargaaruu
III. Hima ijoo qopheessuu
- Boontuun nama gaariidha.
VI. Keeyyata barreessuu
Boontuun nama gaariidha. Dhala namaa hunda walqixa ilaalti. Namoota hundaaf
yaada qajeelaa qabdi. Rakkataa yoo argite, garaa jabaachuu hindandeessu.
Hanga dandeessu hunda gargaarti. Kan maallaqa dhabeef, maallaqa kenniti.
Kan daaretti huccuu of irraa fuutee uwwisti. Gaafa harkaa dhabde ammoo,
yaadaan gargaarti. Kanuma irraa ka’uun, kanneen hojii ishee beekan maqaa
biraa itti moggaasaa jiru. ‘Haadha Hiyyeessaa’ jedhanii waamu. Kanaafuu,
gaarummaan gaariidha jechuudha.
B. Gumee asii gaditti kenname fayyadamuun hima ijoo ‘Nama gargaaruuf
nama ta’uun gahaadha!’jedhurratti keeyyata tokko barreessi.
Gumee Keeyyataa
1. Yaada ijoo
· Gargaaruu
2. Yaadolee callaa
· Beekumsa qabaniin gargaaruu
- ga’eessota barsiisuu
- daa’imman qubee barsiisuu
- barattoota qo’achiisuu

61
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

· Humna ofiin gargaaruu


- mana namoota humna hinqabne haaromsuu
- biqiltuu dhaabuu
- manguddoota kunuunsuu
· Yaadaan gargaaruu
 Gorsuu
 kan laafe jajjabeessuu…..
3. Hima ijoo
· Nama gargaaruuf nama ta’uun gahaadha.

Barannoo 5: Fayyadama Jechootaa


Gilgaala 9. Jechoonni armaan gadii dubbisa olii keessatti
gurraacheffamanii barreeffamanii jiru. Hiika isaan dubbisicha keessatti
qaban barreessi.
1. matayya______________________
2. dalaguu______________________
3. tumsuu _____________________
4. harka qalleeyyii ______________
5. shuqunuu __________________
6. danuu_______________________
7. dandamachuu _________________
8. raajii _______________________
9. qooyyobuu __________________
10. shoora ______________________
11. giidoo_____________________

62
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 6: Caasluga
Gochimoota Darboofi Hafoo
Gilgaala 10
A. Fakkeenyaafi ibsa kenname asii gadii sirriitti xiinxali.
Fakkeenya A
i. Tolaan sangaa gurgure.
ii. Magartuun bishaan waraabde.
iii. Miseensonni caffee seera tuman.
Himoota armaan olii keessatti jechoonni gurraacheffamanii barreeffaman
gocha raawwatame ibsu. Raawwiin ‘gurgure, waraabde, tuman’ jedhaman
kun ‘sangaa, bishaan, seera’ qaama jedhanirratti ce’anii raawwatamanii jiru.
Kanaafuu, gochoonni kunneen gochoota darboodha.
Fakkeenya B
i. Waraabessi du’e.
ii. Sangaan ciise.
iii. Mukni jige.
Himoota armaan olii keessatti jechoonni gurraacheffamanii barreeffaman gocha
raawwatame ibsu. Gochoonni ‘du’e, .ciise, jige’ jedhan qaama biroorratti darbee
kan raawwatame waan hintaaneef, yookaan waan hinjirreef, gochima hafoo
jedhamanii beekamu.
B. Himoota asii gadii keessaa kan jala sararame gochima ce’oofi hafoo ta’uu
barreessi.
1. Inni aannan dhuge.
2. Isaan biqiltuu dhaaban.
3. Qalbeessaan seenaa uummata isaa qo’ata.
4. Arbi du’e.
5. Hundarraan xalayaa barreesse.
6. Mootiin sireerra ciise.
7. Inni mucucaatee kufe.
8. Caaltuun balbala bante.
9. Isheen dhufte.

63
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Yaadannoo
Gochimni jecha gocha (raawwii) yookaan taatee ta’e tokko agarsiisu. Gochimni
darboo yookaan hafoo ta’uu danda’a. Gochimni darboon kan raawwii qaama
dhimmicha raawwaturra darbee qaama raawwicha fudhatu irratti raawwate
agarsiisa. Haata’u malee, raawwichi qaama raawwicha fudhatu yoo hinqabaanne,
gochima hafoo jedhama.
Barannoo 7 : Afoola
Hibboo
Gilgaala 11
A. Fakkeenya asii gadii Ruudeefi Duubeen waliin taphatan hubachuun lama
lama ta’uun hiibboo naannoo keessaanitti beektan wal hibbifadhaa.
Duubee: Hibboo
Ruudee: Hibbakka
Duubee: Aayyoo gabaabduu, yoo teesse lafaa hinkaatu; yoo dhaante
namaa hinnaatu.
Ruudee: Barcuma
Duubee: Hinarganne; Biyya naaf kenni.
Ruudee: Naaf obsi; gufuudha.
Duubee: Argatteetta.
Ruudeen deebii hibbichaa waan argatteef dabareeshee Duubee gaafatti.
Ruudee: Hibboo
Duubee: Hibbakkaa
Ruudee: Akka bofaa lo’a; nama hunda mo’a.
Duubee: Bishaan
Ruudee: Hinarganne

64
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Duubee: Ala moo mana gala? Bishaan dhuga moo midhaan nyaata?
Ruudee: Mana hinqabu; homaa hin nyaatu.
Duubee: Hinbeeku; biyya Adaamaa fudhu.
Ruudee: Adaamaa fudhee; baqsaa cirriifkadhee.
Gama koo dhadhaa; gama kee dhagaa.
Mana koo jabbiin kuruph; mana kee tafkiin kuruph.
Madabii jala ciisi; albaatii gadi dhiisi. Hundee migiraa, aniifi
ati firaa.
Hundee dimbilaalaa, aniifi ati jaalaa.
Fardi hindannabsuu; ani si hinarrabsu.
Deebiin isaa, “Du’a”
B. Hiibboowwan asii gadii hiriyyaa kee waliin walgaafachaa deebii barreessi.
1. Ari’anii hinqaban; utaalanii hindhaaban.
2. Shaa jettii; shanbaa jetti; harkaan na hintuqin jetti.
3. Hamma majii geessii; biyya waliin geessi.
4. Uleen abbaan koo naaf mure hinbadus; hincabus.
5. Jiraa du’aa baatu; du’aa jiraa baatu.
6. Nyaatu nifayya; yoo dhugu nidu’a.
7. Adii dhala; gurraacha horsiifata; diimaa guddifata.
8. Afur taatee boolla tokkotti fincoofti.
9. Fuuldura mootii teessee fincoofti.
10. Wajjumaan nyaannaa maaf huqqata.

65
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BOQONNAA 8
MIIDHAA ARAADAAN QABAMUU
Mata duree ‘Miidhaa Araadaan Qabamuu’ jedhu kana jalatti dubbisa ‘Araada
Alkooliifi Miidhaa Isaa’ jedhu nidhaggeeffatta. Dubbisa ‘Araada Miidiyaa
Hawaasaafi Miidhaa Isaa’ jedhu ammoo, nidubbista. Kana malees, barannoowwan
adda addaa mata dureewwan kanneen bu’uura godhachuun qophaa’an kanneen
akka barreessuu, fayyadama jechootaafi caaslugaa nibaratta. Kanaafuu,
xiyyeeffannoon hojjachuun sirraa eegama.

Bu’aalee barachuu
Xumura barannoowwan boqonnaa kanaatti:
· barruu dhiyaate dhaggeeffachuudhaan yaada isaa nihimta;
· barruu dhiyaate dhaggeeffachuun cuunfaa yaada dubbisichaa irra
deebi’anii nihimta;
· barruu dhiyaate dubbisuun yaada callaafi ijoo addaan nibaasta;
· hiika galumsaa jechoota baratamoo ni’ibsita;
· sirna tuqaaleefi qubguddeessa barreeffama keessatti bakka sirrii ta’etti
nifayyadamta;
· jechoota tishoon hima ni’ijaarta.

66
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 1: Dhaggeeffachuu
Miidhaa Dhugaatii Alkoolii

Gilgaala 1 Gaaffiilee asii gadii afaaniin deebisi.


1. Fakkii armaan oliirraa maal hubatte?
2. Fakkiilee asii olii miidhaa dhugaatiin alkoolii namarraan gahuu danda’u
waliin maaliin walfakkaata?
Gilgaala 2 Dubbisa siif dubbifamu dhaggeeffachaa bakka duwwaa
himoota armaan gadii guuti.
1. Ameerikaa keessatti namoonni rakkoo dhugaatii alkooliin hubaman____
ta’u.
2. Namoonni araada dhugaatii alkooliin qabaman rakkoo fayyaa malee
rakkoon dinagdee isaan hinmudatu.
A. dhugaa B. soba
3. Namoota of ajjeesan harka sadii keessaa ________alkoolii dhuguu irraa
kan ka’eedha.
4. Dhugaatiin alkoolii fedhii nyaataa waan nama dhabsiisuuf, ______f nama
saaxila.
5. Namootni dhuganii machaa’an sammuun isaanii waan jeeqamuuf nama
_____fi ______tti ariifatu.

67
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Gilgaala 3 Dubbisa dhaggeeffatte irratti hundaa’uun gaaffilee asii gadii


afaaniin deebisi.
1. Araadni dhugaatii alkoolii haala kamiin rakkoo dinagdeefi
hawaasummaa qaqqabsiisuu danda’a?
2. Namni araada dhugaatii alkoolii qabu namoota waliin hariiroo akkamii
qaba?
3. Hiriyaa rakkoo araada dhugaatii alkooliif saaxilame tokko haala kamiin
deeggaruun akka irraa fayyu gochuun danda’ama?
Barannoo 2: Dubbachuu
Gilgaala 4. Gaaffilee asii gadiirratti gareen mariyachuun yaada keessan
dareef ibsaa.
1. Naannoo keessanitti namoonni haala kamiin araada alkoolii keessa
seenu?
2. Namoonni araada alkooliin qabaman rakkoo sana keessaa ba’uu
danda’uu? Akkamitti?
Barannoo 3: Dubbisuu
Gilgaala 5. Dubbisa dhiyaate dubbisuun dura gaaffilee asii gadii deebisi.
1. Naannoo keetti wantoonni araada nama qabsiisuu danda’an maal
fa’i?
2. Feesbuukiin araada namatti ta’a jettee yaaddaa?

Gilgaala 6. Bakka duwwaa himoota asii gadii dubbisa dhiyaate


dubbisaa deebisi.
1. Namoonni miidiyaa hawaasaa kanneen fayyadamuun sekoondii muraasa
keessatti _____________ addunyaarra jiru argatu.
2. Haata’u malee, miidiyaan kun nama _____________fi sagantaadhaan
hinfayyadamne akkuma alkooliifi tamboo araada itti ta’a.

3. Kunis miidhaa ______________ nama irraan ga’aa jira.

4. Miidhaan inni nama irraan gahus kallattii _____________,


________________fi ________________ibsamuu danda’a.

68
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

5. namni araada miidiyaa hawaasaatiin qabame, sa’aa ___________itti


fayyadamuu hindanda’u.
6. Takkaa miidiyaa sana fayyadamuu jalqabnaan _________of hinbeeku.
7. Waan haarawa tokko argee, kan biraatti osuma ce’uu____________.
Miidhaa Araada Miidiyaa Hawaasaa

Jabana kana wantoota walqunnamtii namootaa ariifachiisuufi fedhii isaanii


guutuun gahee guddaa qaban keessaa tokko miidiyaa hawaasaati. Miidiyaa
hawaasaa keessaa feesbuukii, waatisaappii, vaayibarii, inistaagiraamii, yuutuubiifi
kanneen kana fakkaataan maqaa dhahuun nidanda’ama. Namoonni miidiyaa
hawaasaa kanneen fayyadamuun sekoondii muraasa keessatti odeeffannoo
addunyaarra jiru argatu. Haata’u malee, miidiyaan kun nama gamnummaafi
sagantaadhaan hinfayyadamne akkuma alkooliifi tamboo araada itti ta’a. Kunis,
miidhaa hamaa nama irraan ga’aa jira. Miidhaan inni nama irraan gahus kallattii
diinagdee, hawaasummaafi xiinsammuutiin ibsamuu danda’a.
Fakkeenyaaf, namni araada miidiyaa hawaasaatiin qabame, yeroo ofii qoqqoodee
itti fayyadamuu hindanda’u. Takkaa miidiyaa sana fayyadamuu jalqabnaan eessa
akka jiru of hinbeeku. Waan haarawa tokko argee, kan biraatti osuma ce’uu yeroon
sokka. Kana irraa kan ka’e, hojjatee argachuun hinjiru. Nideega jechuudha.
Akkasumas, namni akkasii gama hawaasummaatiin miidhamaa ta’uu mala.
Yeroo qabu keessaa kan irra caalaatti dheeratu, miidiyaa kana waliin dabarsa.
Sababa kanaaf, namoota naannoo isaatti argaman waliin yaada waljijjiiruuf iddoo
hinkennu. Kun ammoo, ko’ummaaf saaxila. Ko’ummaan kunis turmaata yeroo

69
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

dheeraa keessa miidhaa xiinsammuu fiduu danda’a.


Kanaafuu, faayidaafi miidhaa miidiyaan hawaasaa qabu addaan baasanii dhimma
itti bahuun murteessaadha. Akkuma namoonni yoo mammaakan, “Osoo
hinhubatiin, qubaa hingubatiin,” jedhan, faayidaafi miidhaa isaa osoo hinbarin
miidyaa hawaasaatti fayyadamuun rakkoo ta’a. Kana jechuun lagachuun dirqama
jechuu miti. Haala araadaan qabamnii gaabbii keessa nama hingalchineen kallattiifi
yeroo bu’aa irraa argachuu danda’amu adda baasuudhaan itti gargaaramuun
barbaachisaadha. Kanaan ala akkuma galaanaa kokkofalchisaa akka nama nyaatu
hubachuun gaariidha.
Gilgaala 7.  Hubannoo dubbisicharraa argatterratti hundaa’uun gaaf
filee armaan gadii deebisi.
1. Walqabsiistuu keeyyata lammaffaa sarara sadaffaa irratti ‘Kana irraa kan
ka’e’ jedhu maal bakka bu’a?
A. Sa’aa itti fayyadama miidiyaa qoqqooduu
B. Odeeffannoo irraa odeeffannootti ce’uu
C. Odeeffannoo haalaan itti fayyadamuu
D. Miidiyaatti sagantaadhaan fayyadamuu
2. Akka dubbisa kanaatti namni nama waliin haasawu kan yeroo
dheeraa miidiyaa hawaasaa irra turu caalaa nagaa sammuu
niqabaata.                           (Dhugaa/Soba)
3. Ergaan mammaaksa, “Osoo hinhubatiin, qubaa hingubatiin,” jedhuu
maali?
4. “Akkuma galaanaa kokkofalchisaa akka nama nyaatu hubachuun
gaariidha,” kan jedhame maal ibsuufi?
5. Namoonni araada miidiyaatiin qabaman yoo maalfaa godhan araadicha
jalaa ba’uun danda’u jettee yaadda?
6. Feesbuukiin miidhaa isaa moo bu’aa isaatu caala? Maaliif?

70
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 4: Barreessuu
Gilgaala 8. Keeyyata asiin gadii keessatti qubguddeessaafi sirna 
tuqaalee bakka barbaachisutti galchuun irra deebi’ii barreessi
tamboon wantoota araada nama qabsiisaniifi miidhaa namarraan ga’an keessaa
isa tokkodha miidhaa inni qaqqabsiisu kanaaf sababa kan ta’an keemikaalota
tamboo xuuxamu keessa jiranidha keemikaalonni kunniin hedduu yoo ta’an
isaan keessaa gurguddoon niikootiinii kaarbon monoksaayidiifi taariidha.
Walumaagalatti, tamboo xuuxuun araada nama qabsiisuun miidhaa namarraan
ga’a araada tamboo xuuxuun qabamnaan ammoo salphaatti dhiisuun ulfaataadha
kunis amalaafi dhiibbaa keemikaalonni tamboo xuuxamu keessa jiran namarra
geessisanirraa kan ka’edha niikootiiniin amala qaama namaa sissi’eessuu waan
qabuuf, namoonni miidhaasaa dagachuun tamboo xuuxuuf araadu. Kaarbon
monoksaayidiin foolii hinqabu Ijattis hinmul’atu hindhandhamamus. Waan kana
ta’eef, irraa of eeguun rakkisaadha. haata’u malee tamboo xuuxuun, miidhaa inni
fidu dursanii hubachuun irraa of eeguun nidanda’ama.
Barannoo 5: Fayyadama jechootaa
Gilgaala 9
A. Bakka duwwaa himoota asii gadii jechoota saanduqa keessatti
kennaman keessaa filachuun guutuu taasisi.
araada to’atu ariifachuu hawaasummaa

1. Faayidaafi miidhaa waan tokkoo osoo addaan hinbaafatiin itti ________n


gaarii miti.
2. Nama miira isaa_____qofaati miidiyaa hawaasaa gargaaramuu qaba.
3. Waan nyaannu, dhugnu, taphannuufi hojjannu, hunda bifa madaalameen
yoo fayyadamne ____________nutti hinta’u.
4. Araadni miidiyaa hawaasaa rakkoo ________f nama saaxila.

71
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

B. Jechoota roga ‘A’ jalatti kennamaniif hiika walfakkii isaanii roga ‘B’


jala jiraniin walitti firoomsi.
‘A’ ‘B’
1. ariifachuu a. badaa
2. hamaa b. abshaalummaa
3. gamnummaa c. hiruu
4. qoqqooduu d. saffisuu
5. sokkuu e. hiyyoomuu
6. deeguu . f. kofummaa
7. ko’ummaa g. deemuu

Barannoo 6: Caasluga
Gilgaala 10. Fakkeenya kenname hordofuun jechoota kennaman irraa
jecha tishoo ijaari.
Fakkeenyaaf,
saree - sardiida
harka - harka qalleessa
1. saba __________________
2. garaa __________________
3. kottee __________________
4. jala ___________________
5. roga ___________________

72
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BOQONNAA 9
JAALALA BIYYAA
Mata duree ‘Jaalala Biyyaa’ jedhu kana jalatti dubbisa mata dureen isaa ‘Biyya
Ofii Jaallachuu’ jedhu dhaggeeffachuuf, dubbisa mata dureen isaa ‘Hayilemaaram
Gammadaa’ jedhu ammoo, dubbisuuf deemta. Kana malees, barannoowwan
adda addaa mata dureewwan kanneen bu’uura godhachuun qophaa’an kanneen
akka barreessuu, fayyadama jechootaafi caaslugaa nibaratta. Kanaafuu,
xiyyeeffannoon hojjachuun sirraa eegama.

Bu’aalee barachuu
Xumura barannoowwan boqonnaa kanaatti:
· barruu dhaggeeffatterraa waan hubatte nihimta;
· gootota Oromoo nidinqisiifatta;
· dubbisa keessaa odeeffannoo dimshaashaafi murtaa’aa nibaafta;
· hiika galumsa jechoota baratamoo hintaaneef nikennita;
· ibsa fakkiilee keeyyataan nibarreessita;
· gumee kennameen keeyyata nibarreessita;
· hima xaxamaa ni’ijaarta;
· durduubeewwan adda nibaafatta;
· himoota yaada haqaafi yaada dhuunfaa agarsiisan adda nibaafta.

73
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 1: Dhaggeeffachuu
Biyya Ofii Jaallachuu
Gilgaala 1. Gaaffilee asii gadii afaaniin  deebisi.
1. ‘Ebelu biyya ofii jaallata/ jaallatti’ nama ittiin jedhan dhageessee
beektaa?
2. Nama maal hojjateen biyya ofii jaallata ittiin jedhama?
3. Hiika jechoota asii gadii tilmaami.
a. aarsaa
b. mararfachuu
c. wareegama
Gilgaala 2. Dhaggeeffachaa gaaffilee asii gadii deebisi.
1. Namnoonni biyya ofii jaallatan daangaan biyya isaanii _______ fi
_______ aarsaa kaffalanii eegu.
2. Biyyi tokko daangaa waan qabuuf eeguun barbaachisaa miti.
A. dhugaa B. soba
3. Dacheen akka lolaan hindiqamne ____fi ___dhaabuu barbaachisa.
Gilgaala 3. Gaaffilee asii gadiirraatti gareen mariyachuun afaaniin
deebisa.
1. Namni ‘Ani ummata kiyya nan jaaladha’ jedhu ummata ofiif maalfa
raawwachuu qaba jettu?
2. Aadaa ofii jaallachuun of jaallachuudha maaliif jedhama?
3. Dubbisa dhaggeeffatte irraa maal hubatte?
Barannoo 2: Dubbachuu
Gilgaala 4. Gaaffilee asiin gadiirratti gareen mariyachuun deebii dareef
ibsaa.
1. Namni biyya ofii jaallatu biyya isaaf maalfaa gochuu qaba?
2. Isin jaalala biyya keessaniif qabdan maaliin agarsiistu?

74
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 3: Dubbisuu
Gilgaala 5
A. Gaaffilee asiin gadii afaaniin deebisi.
1. Hojiiwwan goota nama jechisiisan maal fa’i?
2. Waa’ee Hayilemaaram Gammadaa maal beekta?
B. Hiika jechoota asii gadii tilmaami.
1. qabsoo
2. asxaa
Gilgaala 6. Gaaffilee asii gadii dubbisa itti aanee jiru dubbisaa deebisi.
1. Hayilemaaram barnoota isaa maaliif addaan kute?
2. Keeyyata 1ffaa, sarara 3ffaa keessatti jechi ‘….isaa…..’ jedhu maal
bakka bu’a?
A. Hayilemaaram B. Gammadaa C. Adaanuu
3. Keeyyata 3ffaa sarara dhumaarratti gaaleen …….waldichaa…… jedhu
maal bakka bu’a?
A. Waldaa Misooma Oromiyaa
B. Waldaa Maccaafi Tuulamaa
C. Waldaa aartistoota Oromoo
4. Hayilemaaram gahee ________ sirna Gadaa keessatti qabu qorachuun
asxaa Waldaa Maccaafi Tuulamaa akka ta’uuf raggaasise.
Hayilemaaram Gammadaa

75
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Ilmaan Oromoo mirga sabaatiif osoo falmanii lubbuun wareegaman keessaa


tokko Hayilemaaram Gammadaati. Hayilemaaram Gammadaa abbaa isaa Obbo
Gammadaa Masqaleefi haadha isaa Aadde Ka’adee Adaanuu irraa bara 1907
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaa Ganda Bogonjoo jedhamutti dhalate.
Akkuma umriin isaa barnootaaf ga’een gara magaalaa Finfinnee dhufuun barnoota
jalqabe. Haata’u malee, yeroo sanatti Xaaliyaaniin biyya waan weerarteef,
barnoota isaa gidduutti addaan kutuun Xaaliyaanii loluu jalqabe.
Falmii yeroo dheeraa booda, Xaaliyaaniin qabame. Waggaa sadiif erga
hidhamee booda, akkuma Xaaliyaaniin biyyaa baateen, gara Finfinneetti deebi’e.
Sana booda, kan yeroo sana Waajjira Ministeera Hojii jedhamee beekamutti
qaxaramuun kutaalee biyyaa kanneen akka Walloo, Shawaa, Tigiraay, Harargee,
Kafaa, Iluu Abbaaboor, Baaleefi Arsii deemuun hojjateera. Carraa kanaanis
waa’ee Oromoofi kutaalee Oromiyaa, akkasumas bulchiinsa jallaa Oromoo irratti
fe’ameefi waa’ee Impaayera Itoophiyaa hubannaa gaarii argateera.
Bulchiinsi jallaan, loogiinsi sanyii, dhiittaan mirga dhala namaa, Oromoon
qe’eesaatti akka sabaatti ilaalamuu dhabuun, tuffatamuufi maqaa hinmalleen
waamamuun hirriba isa dhorke. Rakkoo Oromoon keessa jiruuf fallisaa Oromoo
qofa ta’uu hubachuun hojii mootummaa gadi lakkisuun Abukaatoo Seeraa ta’ee
hojjachuu jalqabe. Hojii isaas barnootaan deeggaruuf, guyyaa hojjachaa galgala
ammoo, barnoota seeraa Yunivarsiitii Finfinneetti barachuu jalqabe. Barnoota
isaa kanas erga xumuree booda, Oromoo salphina keessaa baasuuf gahee isaa
ba’uuf of qopheessuu jalqabe.
Akeeka isaa kana fiixaan baasuufis hayyama mootichi Haayile Sillaasee ‘ummanni
of ijaaruu danda’a’ jedhee baasetti dhimma ba’uun namoota biroo waliin ta’uun
Waldaan Maccaafi Tuulamaa hundeesse. Waldaan kunis seeraan galmaa’ee koree
hojii gaggeessituu yeroo filatu Obbo Hayilemaaram barreessaa waldichaa ta’uun
filatame. Yeroo sanaa jalqabee ifaan akka waldaa walgargaarsaatti hojjachaa
dhoksaan ammoo, dhaaba bilisummaa sabaaf falmu gadi dhaabuuf carraaqaa
ture. Gahee Odaan sirna Gadaa keessatti qabu qorachuun asxaa waldichaa akka
ta’uuf raggaasise.
Hayilemaaram Gammadaa, dhimmoota Oromoofi seenaa isaa irratti yeroo baay’ee

76
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

qondaaltota mootummaa yeroo sanaatiin walitti bu’aa tureera. Kun ammoo,


hojiin inni Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti hojjachaa jiru mootummaa
biratti ija shakkiin akka ilaalamu taasise. Haala kana keessa osoo jiruu, guyyaa
tokko gorsaa seeraa ta’ee mootummaaf akka hojjatu xalayaan itti barreeffame.
Xalayichi fedha isaa kan gaafatu osoo hintaane, ajaja ture. Yeroo gabaabaaf
erga hojjateen booda, ammas hojicha gadi dhiisee, guutummaatti hojii Waldaa
Maccaafi Tuulamaa keessatti eegaletti deebi’e. Haata’u malee, yeroo muraasa
booda, mootummaan qabee hidhe. Qabeenya isaas nigurguratan. Maatiin isaas
dirree irratti faca’e.
Mana hidhaa keessattis dararamni qaamaafi xiinsammuu hamaan waan irra ga’eef,
akka malee laafe. Laafuu isaa arganii baasanii maatii isaaf kennan. Innis, du’uu
isaa yeroo baretti, “Abbaan keenya du’e jettanii hingaddiinaa. Bakka dhugaa
dhaabbadhee, dhugaa dubbadheen du’e. Ani gabra ta’ee gabra guddisuu irra
jedhee isinis rakkisee ofii kootiifis du’e. Duuti kiyya du’a gootaati. Kana booda,
dubbiin Oromoo warra gabroomfataatti bofa hudduu lixe taate. Bofni hudduu
lixe, yoo harkisan nicita; yoo dhiisan nilixa,” jechuun dhaammatee guyyaa
muraasa booda lubbuun isaa dabarte.
Gilgaala 7
A. Dubbisarratti hundaa’uun gaaffilee asii gadiif deebii sirrii filadhu.
1. Hayilemaaram jalqaba gara Finfiinnee maaliif deeme?
A. Xaaliyanii loluuf C. Barnoota barachuuf
B. Abukaatoo ta’uuf
2. Hayilemaaram Odaan asxaa Waldaa Maccaafi Tuulamaa akka ta’u
maaliif filate?
A. Odaan sirna Gadaa keessatti gahee waan qabuuf
B. Odaa namni hunduu waan beekuuf
C. Odaan muka guddaa waan ta’eef
3. ‘Bofni hudduu lixe yoo harkisan nicita; yoo dhiisan nilixa’ kan jedhu
ergaa akkamii dabarsa?
A. Dhimmichi salphaa ta’uu
B. Dhimmichi ulfaataa ykn rakkisaa ta’uu
C. Bofa hinqaban; yoo qaban ammoo, gadi dhiisuun rakkisaa ta’uu
77
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

4. Hayilemaaram maaliif hojii moootummaa dhiise?


A. Barnoota barachuuf
B. Mirga Oromoof falmuuf
C. Weerartuu Xaaliyaanii waraanuuf
B. Gaaffilee asii gadii barreessuun deebisi.
1. Dhaamsi Hayilemaaram qabsoo Oromoo ilaalchisee ijoollee isaatti
dhaame maal kan jedhu ture?
2. Dhaamsicha irraa maal hubatte?
3. Seenaa Hayilemaaram Gammadaa kanarraa maal baratte?
Barannoo 4: Barreessuu
Gilgaala 8
A. Fakkiilee asiin gadiirraa waan hubatte keeyyata tokkoon barreessi. Kan
barreessite hiriyyaa keetti agarsiisi.

B. Gumee asii gaditti kenname fayyadamuun mata duree ‘Biyya Ofii Jaal
lachuu” jedhurratti barruu jalqabame xumuri.
Mata duree_ Biyya Ofii Jaallachuu
Gumee qophaa’e
· lafa biyya ofii jaallachuu
- daangaan biyyaa akka hincabne eeguu
- kabaja biyyaaf wareegama barbaachisu kaffaluu
78
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

· Ummata ofii jaallachuu


- doofummaafi hiyyummaa keessaa baasuuf carraaquu
- mirga ummataa kabachiisuuf aarsaa kaffaluu
· Aadaa ofii jaallachuu
- aadaa ofii sirriitti beekuu
- aadaa ofiitti sirriitti fayyadamuu
Barruu jalqabame:
Biyya ofii jaallachuun wantoota hedduu hojjachuun calaqqisiifamuu danda’a.
Kanneen keessaa inni jalqabaa, lafaafi ummata biyya ofii jaallachuudha. Inni
lammaffaa ammoo, aadaa ummata ofii jaallachuufi kunuunsuudha.
Jaalala biyyaa keessaa inni jalqabaa lafa isaa jaallachuudha. Lafti jaallatan kun
daangaa mataa isaa qaba. Daangaan lafaa kun akka diinaan hincabne halkaniifi
guyyaa eeguu gaafata. Namoonni lafa isaanii diinarraa eeganiifi wareegaman
hundi biyya isaaniif kanneen dhimmamaniifi quuqamanidha. Kanaafuu, jaalalli
biyyaa kabajaafi wareegama lafa ofiif taasisan hunda kan dabalatuudha.

Gama biroon, biyya ofii jaallachuun ummata ofii jaallachuu jechuudha. Kana
jechuun, …………………………………………………………………….. …………
……………………………………………………………………………….

Kana malees, biyya ofii jaallachuu jechuun aadaa saba ofii beekuufi itti
fayyadamuu jechuudha. Kana jechuun,……………………………………….
………………………………………………………………………………………
…………………………………………………………………………….

Barannoo 5: Fayyadama Jechootaa


Gilgaala 9. Jechoota himoota asiin gadii keessatti jala sararamaniif,
hiika bakka galumsaa isaanii barreessi.
1. Ganameen konkolaataa keessa mirga obboleessa ishee teesse.
2. Hayilemaaram Gammadaa mirga ummata isaaf qabsaa’e.
3. Hayilemaaram bara mootii Haayilesillaasee addunyaa kanarraa boqote.
4. Dhugumaan waan dadhabeef, gaaddisa mukaa jalatti boqote.
79
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

5. Roobni waan roobeef, mucucaatee lafa dhahe.


6. Magarsaan uleedhaan bofa dhahe.
7. Hayilemaaram mirga ummata isaaf qabsaa’uuf kutatee ka’e.
8. Kootamni jaldeessaa gurmuu tokko kutatee sokke.
9. Karaa kutaa deemuun yeroo namaaf gabaabsa.
10. Barattoonni kutaa keessa taa’anii barachaa jiru.
Barannoo 6: Caasluga
I. Hima xaxamaa
Gilgaala 10
A. Himoota armaan gadii yaada sirrii ta’een guutuu taasisi.
Fakkeenya,
a. Inni cimee waan qo’ateef, ______________________.
Inni cimee waan qo’ateef, qabxii olaanaa galmeessise.
b. ______________, dhukkuba HIV/AIDSn hinqabamu ture.
Osoo of eeggannoo taasisee, dhukkuba HIV/AIDS n hinqabamu ture.
1. Bosonni yoo cirame, _________________________________.
2. Cimee waan hojjateef, ______________________________.
3. _____________________, iyyummaa keessaa ba’uu dandeenya.
4. Osoo harka keenya diqannee, _______________.
5. Ani aannan dhugaa waanin guddadheef, __________________.
6. _____________, Afaan Oromootiin qaphxii ol’aanaa galmeessise.
7. Erga mana fincaanii fayyadamtee booda, _______________.
8. _____________________, qorumsatti hinkufu ture.
9. Namni yoo safuu hinbeekne, ___________________.
10. ________________________, biyyaaf bu’aa buusuun nidanda’ama.

80
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Yaadannoo
Hima xaxamaa kan jedhamu hima ciroo of-danda’aa tokkoofi ciroo hirkataa
tokko ykn tokkoo ol irraa ijaarame. Hima dacha irraa kan adda isa taasisus
ciroo hirkataa of keessaa qabaachuu isaati.
II. Durduubee
Himoota armaan gadii keessatti jechoota gurraacheffaman ilaali.
a. Badhaasoon muka jala taa’ee haara galfate.
b. Moosisaan gara Amboo deeme.
c. Qurxummiin bishaan keessa jiraatti.
d. Booranaan barattoota waliin qayyabata.
e. Isheen uleedhaan bofa ajjeeste.
f. Isaan kiyyoodhaan qurxummii qaban.

Yaadannoo
Kanneen himoota olii keessatti gurraachaffamanii barreeffaman durduubee
jedhamu. Tajaajilli isaan kennanis maqaa, bamaqaa yookaan gaalee maqaa dura
yookaan booda galuun iddoo, kallattii, argama waan tokkoofi kkf agarsiisu.
B. Himoota asiin gadii keessaa durduubee adda baasuun agarsiisi.
1. Tolaan gabaa walakkaa dhaabatee na waame.
2. Soolaneen qalama diimaadhaan barreessuu jaallatti.
3. Barattoonni erga sirna alaabaa kabajanii booda, gara daree seenan.
4. Isaan waan dadhabaniif, gaaddisa mukaa jala taa’an.
5. Qamaleen muka gubbaa teessi.

81
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

BOQONNAA 10
GODAANSA NAMOOTAA
Mata duree boqonnaa kanaa ‘Godaansa Namootaa’ jedhu jalatti dubbisa mata
dureen isaa ‘Godaansa Bortolaa’ jedhu nidhaggeeffatta. Akkasumas, dubbisa
mata dureen isaa ‘ Miidhaa Godaansa Seeraan Alaa’ jedhu dubbisuuf deemta.
Kana malees, barannoowwan adda addaa mata dureewwan kanneen bu’uura
godhachuun qophaa’an kanneen akka barreessuu, fayyadama jechootaafi caasluga
nibaratta. Kanaafuu, xiyyeeffannoon hojjachuun sirraa eegama.

Bu’aalee barachuu
Xumura barannoowwan boqonnaa kanaatti:
• yaada ijoo dubbisaa dhaggeeffattee adda nihimta;
• yaada barruu dhiyaaterratti hiriyoota kee faana mariyachuun ni’ibsitu;
• barruu dhiyaate dubbisuun ergaa isaa nihimta;
• yaadota kennaman fayyadamuun barruu nibarreessita;
• hiriyyaa keef xalayaa nibarreessita;
• hiika alkallattii jechoota adda addaaf nikennita;

• akaakuu himaa tajaajilaan adda nibaafatta.

82
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 1: Dhaggeeffachuu
Godaansa Bortolaa

Gilgaala 1. Gaaffilee asii gadiirratti gareen mariyachuun afaaniin


deebisi.
1. Fakkii armaan oliirraa maal hubatte?
2. Nama osoo gara biyya alaa deemuu karaarratti miidhaan irra gahe
beektaa? Yoo beekta ta’e, miidhaa akkamiitu irra gahe?
Gilgaala 2. Dubbisa siif dubbifamu dhaggeeffachaa deebii gaafilee asii
gadii kenni.
1. Kaayyoon Bortolaa barnoota isaa xumuree maatii isaa gargaaruu
ture.  (dhugaa/soba)
2. Abbaan Bortolaa sangaa isaa maaliif gurgure?
3. Bortolaafi namicha biyya alaa nama baasu kan walitti fide eenyu?
4. Namichi maallaqa irraa fudhate daangaa biyya kamii ceesisee biraa
deebi’e?
5. Dhumarratti, abbaafi haati Bortolaa maal ta’an?

Gilgaala 3. Gaaffilee asii gadiirratti gareen mariyachuun afaaniin 


deebisaa.
1. Bortolaan osoo barnoota isaa itti fufee kaayyoo isaa galmaan niga’a
jettaa?
2. Bortolaan biyya alaa deemuuf maatii isaa yoo mariisisu haati maaliif
mormite sitti fakkaata?
83
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

3. Bortolaan gara biyya alaatti akka godaanuuf sababa kan ta’e eenyu?
4. Hiyyoomanii hafuurra karaa seeraan alaas ta’u biyyaa ba’anii
dalagatanii of jijjiiruu wayya yaada jedhu akkamitti ilaalta?
5. Namnoonni biyyaa isaanii keessatti hojjatanii qabeenya horachuu
qabu malee biyya alaa deemuu hinqaban yaada jedhu nideeggarta moo
hindeeggartu? Maaliif?

Barannoo 2: Dubbachuu

Gilgaala 4
Gahee Taphachuu
Kanaan dura dubbisa mata dureen isaa “Godaansa Bortolaa” jedhu
dhaggeeffattee jirta. Yaadota dubbisa dhaggeeffatte keessa jiranirratti hundaa’uun
akka Bortolaa, nama Bortolaa biyya alaatti erge, haadhaafi abbaa Bortolaa,
namoota Bortotolaa daangaa biyyaa ceesisaniifi kanneen biyya alaatti dararan
fakkaachuudhaan tapha gabaabaa daree keessatti taphachuun agarsiisaa.

Barannoo 3: Dubbisuu
Gilgaala 5. Hiika jechoota asii gadii tilmaami.
1. godaansa 2. seeraan ala 3. dararama
Gilgaala 6. Gaaffilee asii gadii dubbisa dhiyaate dubbisaa deebisi.
1. …Isaan…. (keeyyata 2, sarara 2ffaa irra jiru maal bakka bu’a?
2. …Isaaniif…. (keeyyata 2, sarara 4ffaa irra jiru maal bakka bu’a?
3. …Isaan…. (keeyyata 3, sarara 3ffaa irra jiru maal bakka bu’a?
4. …Isaan…. (keeyyata 6, sarara 2ffaa irra jiru maal bakka bu’a?
5. Hiika jechoonni armaan gadii dubbisa keessatti qaban tilmaami.
a. ambaa _________________
b. waxalamuu________________
c. hiddamuu ________________
Miidhaa Godaansa Seeraan Alaa
Namoonni lammii biyya tokkoo ta’an sababa adda addaan yeroo gara biyyoota
adda addaatti godaanan nimul’atu. Adeemsi namoonni biyya ofii dhiisanii

84
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

karaa seeraan alaatiin biyya ambaatti godaanan kunis godaansa seeraan alaa
jedhamuun beekama. Namoonni sababoota adda addaan godaansa seeraan alaa
filachuu danda’u. Haata’u malee, godaansi seeraan alaa nama dhuunfaa kaasee
hanga hawaasa bal’aatti miidhaa dhaqqabsiisu qaba.
Godaansa seeraan alaa jajjabeessuufi raawwachiisuu keessatti qaamonni qooda
fudhatan danuudha. Isaan keessaa tokko, namoota daddabarsitoota seeraan
alaa jedhamuun beekamaniidha. Daddabarsitoonni kunneen, godaantota irraa
maallaqa argachuuf jecha haala isaaniif danda’ame hundaan namoonni karaa
seeraan alaa akka godaanan gorsu. Biyya itti nama ergan keessatti maallaqni
salphaatti akka argamu fakkeessu. Namoota akka carraa milkaa’an fakkeenya
fudhachuun qalbii namootaa hawwachuuf yaalu. Haala kanaan, gowwomsuufi
sossobuun maallaqa baay’ee irraa fudhachuun gara biyya birootti dabarsu.
Qaamoleen godaansa seeraan alaa jajjabeessuu keessatti gahee qaban kanneen
biroo, firoottan, hiriyootaafi maatii warra godaansa filateefaadha. Maatii
hedduun hanqina hubannoofi jireenya fooyyee qabu hawwuu isaanii irraa kan
ka’e, ilmaan isaanii akka biyya alaa bahaniifi jireenya isaanii foyyeessaniif
barbaadu. Kanarraa kan ka’e, waan qaban hunda gurguranii, yoo dhabanillee itti
liqeeffachuun kaffaltii faddaalotaaf raawwachuun akka godaanan taasisu.
Gaabbiifi eegeen booda oolti’ akkuma jedhamu, miidhaa godaansa seeraan
alaatiin godaantota irra dhaqqabu yoo ilaalan gaabbiin nama waxala. Namoonni
godaananiifi akka godaananiif jajjabeessan ykn milkaa’ina nama muraasaa malee
kanneen karaatti hafan, qurxummiin nyaatamaniifi beelaafi dheebuun dhuman
namoota kanatti hinhiman.
Yeroo dheeraaf guyyaa bakka dhoksaa oolaanii halkan waan godaananiif,
karaatti bineensaan nyaatamuun carraa hamaa isaan mudatu keessaa isa tokko.
Godaansarratti guyyoota hedduuf nyaataafi dhugaatii malee waan turaniif, bakka
yaadan osoo hingayiin beelaafi dheebuudhaan karaarratti hafu. Akkasumas,
gammoojjii keessatti bofaan hiddamuu, doonii ittiin godaananiin liqimfamuun
kanneen lubbuu dhaban allaattiifi qurxummiin galaanaa haa lakkaa’an.
Kanneen akka carraa ta’ee milkaa’anillee rakkoon isaan mudatu heddudha. Warri
isaan qacaran guyyaatti sa’aatii sagaliifi kudha jahatti boqonnaa tokko malee
85
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

hojjachiisu. Hojii itti qacaramaniin ala hiriyootaafi maatii isaaniif ergifamanii


tolaan akka hojjatan dirqisiifamu. Reebuu, nyaata gahaa dhoowwachuu, iddoo
boqonnaa mijaa’aa hintaane kennuu, nama waliin akka wal hinquunnamne
dhoorkuufi kanneen kana fakkaatan dararaa hamaa isaanirra gahudha. Kana
keessa darbaniiti egaa kan gariin qabeenya horate dhabee, gariin ammoo fayyaa
isaas qabeenyas dhabee xiinsammuun miidhamu. Ofiifis matiifis hintahiin hafu.
Walumaagalatti, godaansi seeraan alaa biyyas ta’e nama dhuunfaa irratti miidhaan
inni fidu guddaadha. Kanaafuu, namni kamiyyuu biyya ofii keessatti hojjachuun
qabeenya horachuu nidanda’a. Osoo hojii hintuffatin hojjachuun ofis, biyya ofiis
guddisuun nidanda’a. Biyya godaansaan deemanittis osoo hinhojjatin wanti
argamu hinjiru. Hojiin achitti hojjatamus hojii gadi aanaa waan ta’eef, hololaan
gowwoomfamanii ofii gidiraatti, maatiis gaabbitti galchuurra daddabarsa seeraan
alaa irraa of eeguun barbaachisaadha. Yoo dirqama deemuun barbaachisaa ta’e
garuu, karaa seera qabeessaan deemuun gaariidha.

Gilgaala 7. Gaaffilee asii gadii barreessuun deebisi.


1. Miidhaa godaansi seeraan alaa biyya tokko irratti fidu maal fa’i?
2. Yaadni ijoo keeyyata 3ffaa maali”?
3. ‘Gabbiifi eegeen booda dhufti’ jechuun maal jechuudha?
4. Dubbisa kanarraa maal baratte?
Barannoo 4: Barreessuu
Gilgaala 8
A.Sheekkoo armaan gadii dubbisuudhaan caasaa ijaarama seeneffama isaa
xiinxali.

Harreefi Waraabessa
Bara durii harreen samii irra jiraachaa turte. Waraabessi ammoo, lafa irra jiraachaa
ture. Osoo akkanatti jiraatanii guyyaa tokko waraabessi, “Yaa Waaqayyoo waanan
nyaadhu naaf yaadi,” jedhee kadhate. Kana booda, beelli itti hammaannaan
yuusuu eegale.
Harreenis, samii irraa sagalee waraabessa kanaa dhageesse. Akkana jettees Waaqa
kadhatte: “Yaa Waaqayyoo namicha sagaleen bareedaa kana biratti nabuusi,”
86
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

jetteen. Waaqnis, “Lakkii, yoon sibuuse si nyaata,” jedheen. “Maaloo nabuusi,”


jettee itti kadhatte. Waaqnis, “Tole; akka fedhii kee siif haa ta’u,” jedhee buuse.
Harreenis gara waraabessaa deemtee, “Sagalee kee bareedaa san dhaga’een
dhufe; mee wal’aansoo haa taphannu,” jette. Waraabessis gurra harrittii ilaalee
sodaachuun, “Lakkii gaafa kee kanaan na waraanta,” jedheen. Isheenis, “Kun
gaafaa miti; gurra,” itti riguudhaan mirkaneessiteefi.
Sana booda, waraabessi sodaachuu dhiisee wal’aansoo wal qaban. Yeroo duraa
harreen kuffisnaan waraabessi, “Biyya keenyatti kan kuffise irraa ka’aa, narraa
ka’i,” jedheen. Harreenis irraa kaate. Dabaree isaatiin waraabessi kuffise.
Harreenis, “Biyya keenyattis kan kuffise irraa ka’aa, narraa ka’i,” jetteen.
Waraabessis, “Warri keenya kan kuffisee irraa ka’uu hinbeeku nyaachuu malee,”
jechuun waraabessi harree nyaate jedhama.
B. Sheekkoo armaan oliiirratti hundaa’uun gaaffilee asii gadii deebisi.
1. Kan jalqabbii seenaa sheekkoo kanaatiif sababa ta’e maali?
2. Taateewwan sheekkoo kana keessa jiran duraa duubaan ibsi.
3. Akkaataa xumurama sheekkoo kanaa irraa maal hubatte?
C. Sheekkoo ijaaramni isaa akkuma kan asii olitti dubbistee seensa, qa
amaafi xumura qabu tokko barreessuudhaan daree keetiif seenessi.
D. Odeeffannoo gabatee armaan gadii keessatti kenname fayyadamuun
barruu dheeraa tokko barreessi.

- hayyama malee daldaluu


Gochaalee daldala seeraan
- gatii hinmalle dabaluu
alaa - meeshaalee dhorkaman daldaluu
Miidhaa daldalli seeraan - dinagdee miidha
alaa qaqqabsiisu - fayyaarratti miidhaa fida
- nageenya biyyaafi hawaasaa miidha
- hubannoo uumuu
- sirna cimaa ta’e diriirsuu
Tooftaa daldala seeraan
alaa ittiin to’atamu - madda daldala seeraan alaa adda baasuu

- olaantummaa seeraa mirkaneessuu

87
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

E. Barreeffama dheeraa gumee olii irratti hundooftee barreessitee irratti


hiriyaa kee waliin mariyadhuu ciminootaafi hanqinoota mul’atan
afaaniin dareef ibsaa.

Xalayaa Firaa Barreessuu


1) Bitootessa, 2013

Lattuu Duubee

Magaalaa Roobee

L.S. P ----------------
Roobee

2) Jaatanii Duubee

Magaalaa Naqamtee

L. S. P. ----------------------

Naqamtee

3) Jaallatamaa obboleessa koo Jaatanii Duubee, akkam jirta? Maatiin keenya nagaa  jiruu?
Obboleeyyan keenya attam jiru? Ani baay’een isin yaade. Yaada keessaniin ala aniifi
hiriyyoonni koo hundi nagaa jirra. Xalayaan ati naaf barreessite nagaheera.

4) Xalayaa kana siif barreessuuf ka’umsa kan naa ta’e yeroo ammaa kana qorumsa
xumurree boqonnaaf gara maatii keenyaa galuuf qophiirra jirra. Haata’u malee, qarshiin
geejjibaaf kaffalu waan naaf hinergamneef akkuma qorumsi xumurameen galuuf
rakkootu na mudata. Kanaaf, yeroodhaan qarshii akka naaf ergan abbaa keenyatti
naaf himi. Kanarraa kan hafe yeroo gabaabaa booda, siifi maatii maraan walagarree
gammachuun keenya dachaa akka ta’u abdiin qaba. Barnoota koon cimuu koofi qabxii
gaarii galmeessisuun koo akka sigammachiisu nanbeeka. Waa’eesaa bal’inaan yeroon
dhufu haasoofna.

5) Egaa hanga qaamaan walagrrutti nagaa naaf ta’i!

Obboleetti kee

Lattuu Duubee

Xalayaan firaaf barreeffamu kutaa adda addaa qaba. Isaanis, teessoo nama
xalayaa barreessuu, teessoo nama xalayaan barreeffamuuf, seensa, qaamaafi
88
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

goolaba. Fakkeenya xalayaa Lattuun Jaataniif barreessite keessatti:


Lakkoofsi 1 – teessoo barreessaati.
Lakkoofsi 2 _ teessoo nama barreeffameef agarsiisa.
Lakkoofsi 3 _ seensa
Lakkoofsa 4 _ qaama
Lakkoofsi 5 _ goolaba
F. Fakkeenya xalayaa firaa armaan gadii ilaaluun hiriyyaa keef xalayaa
barreessi.
Barannoo 5: Fayyadama Jechootaa
Gilgaala 9

A. Jechoota himoota armaan gadii keessatti jala sararamaniif hiika 


galumsa isaanii barreessi.
1. Boontuufi Caalaan ijoollummaadhaan mana ijaaran.
2. Caaltuun daamuudha.
3. Roobaan adda qaba.
4. Oromoon hundi dhiiga kooti.
5. Gammachuun lafa.
6. Isaan lamaan tiruudha.
7. Sanyiin keenya ibidda.
B. Haaluma A jalatti ilaalteen jechoota armaan gadiitiin himoota ijaarii
dareedhaaf dubbisi.
1. ija
2. qilleensa
3. ilkaan
4. funyaan

89
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Barannoo 6: Caasluga
Akaakuu Himaa Tajaajilaan
Fakkeenyaafi ibsa armaan gadii hubadhu.
a. Lookoon kitaaba dubbisaa jirti.
b. Lookoon eessa deemte?
c. Raajii Waaqaa!
d. Hatattamaan bishaan waraabii biqiltuu bishaan obaasi!
Himni ‘a’ irra jiru hima himamsaa yoo ta’u, faayidaan isaas odeeffannoo dabarsuuf
kan gargaaruufi dhumarratti mallattoo tuqaan xumurama. Himni ‘b’ irra jiru
ammoo, hima gaaffii yoo ta’u deebii wayii kan barbaadaniifi mallattoo gaaffiin
kan xumuramu. Himni ‘c’ irra jiru hima raajeffannooti. Faayidaanisaas miira
ho’aan dubbachuufi raajeffachuun dhiheessuuf gargaara. Himni raajeffannoo
mallattoo raajeffannootiin xumurama. Dhumarrattis, himni ‘d’ irra jiru ammoo,
hima ajaajaa yoo ta’u ajaja wayii dabarsuuf yookaan kennuuf fayyada.

Gilgaala 10
A. Himoota armaan gadii hima himamsaa, gaaffii, raajeffannoo yookaan
ajajaa jechuun adda baasi.
1. Marsaan Gadaa tokko waggoota meeqa qaba?
2. Haroon Gibee haroo namtolcheedha.
3. Maaloo akkam bareeddi!
4. Kitaaba irratti hinbarreessin!
5. Odaan Roobaa godina Baalee Bahaa keessatti argama.
6. Nyaata madaalawaa nyaachuun faayidaa maal qaba?
7. Uffee! Garaan koo akkam naciise!
8. Ka’ii balbala kana bani!

90
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

B. Hima himamsaa, gaaffii, raajeffannoofi ajajaa lama lama kan mataa


keetii barreessi.
1. Hima himamsaa
a. ________________________________________________
b. ________________________________________________
2. Hima gaaffii
a. __________________________________________________
b. __________________________________________________
3. Hima ajajaa
a. ___________________________________________________
b. ___________________________________________________
4. Hima raajeffannoo
a. __________________________________________________
b. __________________________________________________

91
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

Jechibsoo
Aartii: Akaakuu ogummaa kanneen akka muuziqaa, fakkii kaasuufi kkf
Aartistii: Nama hojii aartiin kanneen akka muuziqaa, fakkii kaasuufi kkf.
beekamu
Afoola: Kan afaaniin dhalootarraa dhalootatti daddarbu
Afwalaloo: Jecha ‘afaan’ fi ‘walaloo’ jedhurraa kan ijaarame tahee afoola bifa
walaloon afaaniin dhalootatti daddarbaa dhufe .
Ammeennaa: Hennaa gocha ykn taatee yeroo ammaa raawwatamu agarsiisu
Antima alkallattii: Hima Afaan Oromoo keessatti kan gochi tokko raawwata
meef, irraa raawwateefi kkf
Antima kallattii: Hima Afaan Oromoo keessatti kan gochi tokko kallattiin
irratti raawwatame
Antima: Hima Afaan Oromoo keessatti kan gochi tokko irratti raawwatame
Araddaa: Caasaa bulchiinsaa gandaa gadi jiru (Bakka tokko tokkotti akka
gandaattis niwaamama)
Bamaqaa : Jecha ‘bakka; fi ‘maqaa’ jedhurraa kan ijaarameefi bakka maqaa
bu’ee tajaajilu
Barreeffama dheeraa: Dubbisa/ barruu yoo xiqqaate keeyyata sadiifi achii
olirraa ijaaramu (keeyyata seensaa, qaamaafi goolabaa kan qabu)
Barwalaloo: Walaloo barreeffamaan namni dhuunfaan kalaqee qindeessudha
Bineelda : Beelladniifi bineensi bakka tokkotti kan ittiin waamaman
Caasluga: Seera qindoominaa afaan tokkoo keessa jirudha. (jecha caasaafi
luga jedhurraa ijaarame)
Darbeennaa: henna gocha ykn taatee yeroo darbe raawwatame agarsiisu
Dhamjecha: Qaama xiqqaa bakka sagaloonni walitti dhufuun hiika kennuu
itti eegalan
Dubbii dacha: Jecha ykn gaalee hiika fuulleefi dhokataa qabu.
Durduubee: Jecha ‘dura’ fi ‘ duuba’ jedhan irraa ijaarame. Afaan Oromoo
keessatti jecha duuba ykn dura galuun tajaajila adda addaa kenn-
92
Afaan Oromoo Kitaaba Barattootaa Kutaa 7

iti.
Gochima darboo: Gochima raawwiin tokko waan biraa irratti
raawwatamuu  isaa agarsiisuudha.

Gochima hafoo: Gochima raawwiin tokko waan biraa irratti ce’ee kan
hinraawwatamne
Gochima: Jecha raawwii ykn gocha tokkoo agarsiisu/himuudha.
Gumee: Barreeffama tokko barreessuun dura, yaada ijoo barreeffamichaa
bifa gaalee ykn himaatiin duraa duubaan gabaabsanii tarreessuu ykn
kaa’uudha.
Hennaa: Yeroo itti gochi tokko raawwate kan ibsudha
Hiika galumsaa: Hiika jechi yoomessa adda addaa keessatti qabu
Hima : Caasaa dubbii ykn barreeffamaa yoo  xiqqaate  matimaafi  gochima
qabu 
Keeyyata: Gurmuu himoota hariiroo qaban irraa kan ijaaramuufi yaada
bu’uuraa tokko kan qabu
Matima: Hima Afaan Oromoo keessatti kan gocha raawwate yookiin kan
waa’een isaa dubbatamu. Matimni yeroo baay’ee jalqaba himaarratti
argama.
Miiloo: Fira dhiyoo (fkn. abuyyaa/ wasiila/abbeera, adaadaa, durbii….)
Tarraamuu: Dallaa eela bishaaniitti ijaaramu
Woyyooma: Kabaja
Yoomessa: Yeroofi bakka/ yoomiifi eessatti kan jedhu agarsiisa

93

You might also like