You are on page 1of 21

YUUNVERSIITII BULEE HORAA

KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAAFI NAMUMMAA


MUUMMEE AFAAN OROMOO FI OGBARRUU
WARAQAA WIXINEE QORANNOO

QAACCESSA QABIYYEE WEEDDUU SIINQEE

QOPHEESSAAN: FAAXEE AMUSII BAQATAA


GORSAAN: ABDII ADDUNYAA (M.A.)

BULE HORA ; OROMIYAA,


ITOOPHIYAA
BARA 2015

Baafata

Qabiyyee
Fuula....................................................................................................................................1

1 .1Seenduubee qorannoo..................................................................................................1

1
1. 2 Ka'umsaqorannoo.......................................................................................................2

1. 3 Kaayyo qorannoo........................................................................................................2

1.3.1.Kaayyoo gooroo qorannoo........................................................................................2

1.3.2. Kaayyoo gooree qorannoo........................................................................................2

1. 4 Barbaachisummaa qorannoo.....................................................................................3

1.5 Daangaa qorannoo .......................................................................................................3

1.6.Hanqinna qorannoo ......................................................................................................3

Boqonnaa lama : Sakatta' a barruu....................................................................................5

2.1. Maalummaa Afoolaa ...................................................................................................5

2.2. Amaloota Afoolaa . ......................................................................................................6

2.2.1. Ummatummaa .........................................................................................................6

2.2.2. Lufummaa.................................................................................................................7

2.2.3. Midhaagummaa.......................................................................................................7

2.2.4. Jijjiiramummaa........................................................................................................7

2.2.5. Hurrubummaa..........................................................................................................8

2.3 . Faayidaa Afoolaa .....................................................................................................8

2.3.1. Ibsuuf ....................................................................................................................8

2.3.2. Cimsuu fi dabarsuuf ................................................................................................8

2.3.3. Too'chuuf .................................................................................................................8

2.3.4. Barsiisuuf .................................................................................................................9

2.3.5. Miliquu .....................................................................................................................9

2
2.4. Yoomessa Afoolaa.....................................................................................................9

2.5. Gosoota Afoolaa ........................................................................................................9.

2.6.Maalumaa Siinqee......................................................................................................10

2.7. Haadha Siinqee.........................................................................................................11

2.8. Kabaja Haadha Siinqee.............................................................................................12

2.9. Gahee Haadha Siinqee .............................................................................................12

2.9.1.Dhaanicha Abbaa worraa baraaruuf ......................................................................13

2.9.2.Lola dhaabuuf.........................................................................................................13

2.9.3.Hoomaa Woraanaa Eebbisuu ...............................................................................13

2.9.4.Waaqaa raarfachuu ...............................................................................................14

3.Boqonnaa Sadi : Saxaxa qorannoo...............................................................................16

3.1 Irraawwatama............................................................................................................17

3.2 Maddoota Odeeffannoo.............................................................................................18

3.3 Mala iddattoo fi Iddatteessuu...................................................................................18

3.4 Malleen Funaansa ragaa............................................................................................18

3.4.1.Afgaaffii...................................................................................................................18

3.4.2.Daawwannaa...........................................................................................................19

3.5 Tooftaa Qaaccessa Ragaa.........................................................................................19

3.6 KarooraYeroo raawwi iqorannoo..............................................................................20

3.7 Karoora baajataa hojii qorannoo...............................................................................21

3.8 wobiiwwan..................................................................................................................22

3
BOQONNAA TOKKO : SEENSA
1.1. Seenduubee Qorannichaa
Afoolli aadaa, seenaa, duudhaa, haala jiruufi jireenya Saba tokko kan ittiin ibsataniidha. Afoolli
aadaa uummata Oromoo keessatti bay’ee beekkamaafi iddoo olaanaa kan qabudha. Kanarraa
Kan ka’e uummanni oromoo aadaa, duudhaa, seenaa hedduu qabu keessaa Kan akka faaruu,
amantaa, falaasama, gadda, gammachuu, hawwii, fedhii, eenyummaa, siyaasa kan ittiin walii
dabarsaa har’a gahan afoolaniidha.
Afoolli dhaloota dhalootatti Kan darbuu afaaniin.Yaada Kana ilaalchisee malaakneen (2009:12)
akka ibsetti “oral literatures is refers to the verbal heritage of mankind mouth” jedha.Yaada
kanarraa kan hubannu afoolli hambaa seenaa kan dubbii afaaniin dhaloota dhalootatti dabarsaa
ture ta’uusaati.Kana malees qabatama haala hawaasa tokko keessatti raawwatamu kan
mul’isuudha.
Akkasumas jiruu fi jireenya Saba tokkoo keessatti gahee olaanaa qaba. Kana yoo jennu afoolatti
fayyadamuun seenaa darbe yaadachuu fi haala ammaa irra jiru hubachuu, qeequu fi wanta gara
fuula duratti nuu ta’a jedhanii yaadan ibsachuuf kan ittiin gargaaramaniidha.Gama
biraatiin,namoonni afoolatti dhimma bahuun eenyummaa fi fedhii isaanii kan ittiin
ibsataniidha.Akkasumas amala gaarii ta’an kan ittiin jajjabeessanii fi kan gaarii hin taane immoo
kan ittiin dhabamsiisaniidha.Afoolli kunis gochaan yookiin jechaan darbuu danda’a.
Karaa birootiin, afoolli dhalootarra dhalootatti afaaniin darbaa waan deemuuf jijjiramni irratti
mul’achuu danda’a.
Walumaa galatti yaada armaan olitti eeraman irraa kaanee afoolli damee fookloorii keessaa
tokko ta’ee ogbarruu uummataa kan afaaniin dhaloota dhalootatti darba ture akka ta’an
hubatama.Afoolli Oromoo dameewwan hedduu akka qabu ni hubatama.isaan keessaa weeduu
Siinqee isaa tokkoodha.Maalummaa weedduu Siinqee ilaalchisee Haayiluun (1994;4) yoo ibsuu
“weedduun Siinqee sanyii ogafaanii kan jiran keessaa tokko ta’e afaaniin dhaloota dhalootatti
kan darbuudha.”jedha.Haaluma walfakkaatuun Waldaa yohannis (1998;184) irratti yoo ibsuu “
weedduun Siinqee mirga dubartootaa , duudhaa fi safuu hawaasa eeguuf, akkasumas araarama
waaqaa kadhachuuf (gaafachuuf) gahee guddas qabdi.” jedha. Akka waraabbi Kana irraa
hubatamutti, weedduun Siinqee kan dubartoota ta’uufi wanta dabe kan ittiin qajeelchan,
akkasumas seera wanta jallate kan ittiin sirreessan fi yoo rakkoo adda addaa uummata Oromoo
muudate kan waaqaa ittiin kadhatan ta’uu isheeti.

4
1.2. ka’uumsa Qorannichaa
Qorannoon Kun qaaccessa qabiyyee weedduu Siinqee godina Arsii aanaa Diksiis irratti
xiyyeeffata. Weedduun Siinqee gosoota ogafaanii keessaa isaa tokkoodha. Weedduun Siinqee
umrii dheeraa kan qabuu fi dhimmoota jiruu fi jireenya hawaasummaa keessatti hirmaannaa
dubartootaa kan calanqisiisuudha. Yaada kana ilaalchisee Addunyaan (2011:53) yoo ibsuu
“ka’umsi qorannoo tokko dhugaa hawaasa keessatti yookiin wa’ee hawaasichaa dhimma
barreeffamerratti mul’atu dhimmichi rakkoo yookiin qaawa jiru tokko duuchuuf yookiin yaaxina
tokko haaromsuuf ibsa bal’aa dhimmichatti kennu qaba.” jedha.Kanaaf anas mata duree kana
irratti hojjachuuf kan na kakaase Afwalaloo Weedduu Siinqee hawaasa Oromoo godina Arsii
aanaa Diksiis bifa barreeffamaan walitti qabuun dhalotaaf dabarsuudha. Akkasumas Weedduu
Siinqee aanaa Diksiis keessatti hanga ammatti qorannoon irratti gaggeeffame waan hin arginiif,
akkasumas weedduun Siinqee yeroo ammaa hawaasa Oromoo Godina Arsii aanaa Diksiis haala
kamiin akka jiru baruuf.
Akkasumas gaaffilee bu’uuraa qorannoo armaan gaditti ka’aniif deebii kenna jedhamee
abdatama.
1.. Gaheen Weedduu Siinqee dhimmoota hawaasummaa keessatti qabu maali?
2 .Hirmaattoonni weedduu Siinqee eenyu fa’i?
3 .Qabiyyeen weedduu Siinqee maali fa’a ?
1.3 Kaayyoo qorannichaa
1.3.1.Kaayyoo gooroo
Kaayyoon walii gala qorannoo kanaa weedduu Siinqee godina Arsii aanaa
Diksiisqaacceessuudha.
1.3.2 Kaayyoo Gooree
 Gahee Weedduu Siinqee dhimmoota hawaasummaa keessatti qabu tarreessuu
 Qabiyyeewwan Weedduu Sirna Siinqee keessatti Weeddifamu agarsiisuu.
 Qabiyyeewwan Weedduu Siinqee maal fa'a akka ta'an ibsuu.

1.4 Barbaachisummaa Qorannichaa

5
Barbaachisummaan qorannoo kanaa namootni gara fuuladuratti mata duree qabiyyee weedduu
Siinqee irratti qorannoo gadi fageenyaan geggeessaniif akka ka’umsaatti ni gargaara jedhamee
yaadama.
Barsiisonnii fi barattoonni Manneen Barumsaa mana kitaabaa keessaa qorannicha
dubbisuun waa’ee qabiyyee weedduu Siinqee irratti sirna raawwatu keessatti gahee
haati Siinqee dhimmoota hawaasummaa keessatti qabdu beekuu fi gara fuuladuraa itti
fufsiisuuf akka madda odeeffannootti tajaajila jedhamee tilmaamama.

Waajjirri aadaafi Turiizimii aanaa Diksiis argannoo qorannichaa qorannoo kana


ka’umsa godhachuun akka bal'inaan Qabiyyee weedduu Siinqee irratti hojjetan karaa
saaquu danda’a jedhamee abdatama.
1.5. Daangaa Qorannichaa
Qorannoon tokko sirritti gadifageenyaan qorachuuf bakkanis ta’ee qabiyyeen daangeffamuun
barbaasichaadha. Qorannoon Kun kan gaggeeffamu Godina Arsii aanaa Diksiis yoo
ta’u.Matadureen qorannoo kanaa qaaccessa qabiyyee weedduu Siinqee irrattiidha. Sababni
daangeffamuu qorannichaas jalqaba irratti bakki qorannoo namoota odeeffannoo irraa
funaannatuuf bifa haaraan walbaruuf yeroo natti hin fudhatu. Kun immoo yeroo gabaabaa
keessatti odeeffannoo funaannatuuf na gargaara. Kana malees bal’ina dachee oromiyaa,
heddumina ogafaan uummata Oromoo irraa kan ka’e humna baajataafi yeroo gahaa waan hin
qabneef ogafaan jiran keessaa qacceessa qabiyyee weedduu Siinqee irratti daangessuuf yaaleera.

6
BOQONNAA LAMA : SAKATTA' A BARRUU
2.1 Maalummaa Afoolaa
Afoolli qabeenya uummata Oromoo kan akka galaanaa bishaanii sammuu nama keessatti
kuufamee dhaloota dhalootatti darbuun hambaa hojii fi dandeettii kalaqa hawaasichaati.Afoolli
damee ogummaa keessaa tokko ta’ee, kan hawaasni durii jalqabee seenaa, aadaa, duudhaa,
falaasama, amantaa fi eenyummaa isaanii dhalootaa gara dhalootatti afaaniin waliif dabarsaa kan
turaniidha.Yaaduma kana ilaalchisee Soofiyaan(1999:1) afoola yoo ibsitu “afoolli afaaniin
dhaloota dhalootatti darbaa kan dhufee fi darbaa kan jiru,fuulduraatis kan darbuu damee
ogbarruu saba tokkootti”jechuun ibsite.Kana malees,Abarraan(1995:134) irratti afoolli uummata
kamiyyuu osoo hin daangessin akkuma ogbarruu yaada,falaasama, aadaa fi duudhaa uumaa
namaa ifa godha jechuun lafa ka’eera.
Dabalataan melekneh (1999:254) afoola ilaalchisee yoo ibsu, “oral literature is refers to the
verbal heritage of mankind transmitted from generation to generation by word mouth. It includes
such antiquary treasures as folktoles proverb, riddles, myths, legends, joke songs,folk
poetry”jechuun ibsa.Yaadni kun kan nu hubachisuu afoolli kan jechaa hanbaa namoota jecha
afaaniin dhaloota dhalootatti ittiin daddarbuudha. Isaanis Kan akka meeshaalee turee gati

7
qabeessaa ta’e, durdurii, himtee, amantaa fi kan biroollee kan of keessaa qabu jechuun kan
ibsuudha.
Afoolli seenaa uummata oromoo calaqqisiisuu fi ibsuu keessatti bu’aa hedduu qaba.Yaaduma
kan ilaalchisee Misgaanuun (2011:6) afoola yoo ibsu “Afoolli ibsituu aadaa fi calaqqisiistuu
eenyummaati.”jedha.
Yaada kanarraa kan hubannu afoolli sabni tokko aadaa akkam akka qabu ,mallattoo eenyummaa
sabaa fi sabni saba akkamii akka ta’e ibsuuf ni gargaara jechuudha.Kana malees,ruqaalee
ogbarruu barreeffama hammachuu kan danda’uu fi dhalootarraa dhalootatti darbuu kan danda’u
barreeffamaan osoo hin taane bifa ogafaaniitiin kan darbuu fi umrii dheeraa kan
qabudha.Yaaduma kana ilaalchisee Finnegan(1970;81) afoola yoo ibsitu “inspite of the very real
significance of these variations of one striking characteristics of oral distnict from written
literature is verbal variability” jetti.
Akka yaada waraabbii kana irraa hubannutti uummanni bal’aan osoo hin baratin hawaasni kan
kuufate afoolli dhaloota dhalootatti kan darbu akka ogbarruu barreeffamaa osoo hin taane
afaaniin kan dhaggeeffataan fuulleetti bahanii hawaasni carraa waliif kennuun bifa afoolichaatiin
himamsaan kan dabarsan jechuudha.Kana malees, afoolli falaasama hawaasa tokko ifa baasee
ibsuuf kan gargaaruudha.
Haaluma walfakkaatuun Geetachoon (2008:18) Afoola yoo ibsu “afoolli seenaa,aadaa fi
eenyummaa dhaloota darbee himinsaan,afaaniin dhaloota dhalootatti kan dabarsaniidha”
jedha.Akka waraabbii kana irraa hubatamuutti afoolli baataa aadaa,duudhaa, safuu, muuxannoo
fi muudannoo hawaasa tokko ta’uu isaati. keessattuu uummata oromoo biratti afoolli calaqqee
(daawwitii) eenyummaa kan keessatti of ilaallatan ta’uu isaati.
2.2 Amaloota Afoolaa
Afoolli akkuma ilmaan namaa amaloota garagaraa kan qabuudha.Kunis ilmaan namaa wajjiin
yeroo dheeraa waan tureef jedha. Hayyuun afoola keessatti qooda mataa isaa fudhate, Asaffaan
(2009:24) .Kanumatti dabaluudhaan misgaanuun(2011:31) afoola yoo ibsu”Afoolli amaloota
hedduuu kan qabuudha.“jedha.
2.2.1 Uummatummaa
Afoolli akka hojii ogbarruuwwan kan biroo kan nama tokkoo yookiin muraasaatii miti. Afoolli
qabeenya uummataati.Yaada kana ilaalchisee Misgaanuun (2011:31) yoo ibsu “yeroo jalqabaaf
namni tokko kalaquu danda’a. Garuu amala lufummaa irraa kan ka’e dubbatamuun daddarbaa

8
waan yeroo dheeraaf tureef adeemsan irraanfatamuu ni mala. Kanaaf afoolli kan nama
dhuunfaa osoo hin taane kan ummataati”jechuun ibsa.
Akka waraabbii armaan olii kanarraa hubatamutti afoolli nama dhuunfaan jalqabamus yeroo
booda abbaan waan dagatamaa deemuuf kan uummataa ta’uu isaati.
Dabalataan afoola ilaalchisee, Jaarraafi wasanee(2008:166) irratti yoo ibsu, “Afoolli akka kitaaba
abbaa barreessetti kan waamamu miti,uummata sanaan waamama malee”jedha.Akka yaada
waraabbii kanatti, Afoolli qabeenya uummanni waliin itti fayyadamu ta’uu isaafi kan nama
dhuunfaa akka hin taane nama hubachiisa. Akkasumas dhugummaan afoolaan kan mirkanaa’uun
uummata itti fayyadamu sanaan ta’uu isaati.

2.2.2 Lufummaa
Lufummaan Haala afoolli dhaloota tokko irraa kan itti aanutti darbuudha.kunis Karaa lamaan
dhaloota irra dhalootatti darba. Isaanis haasaa afaanii fi gochaan dhalootatti kan dabarsan
miseensota hawaasaati. Jaaraa fi wasanee (200:164) .Dabalatanis, lufummaa ogafaani ilaalchisee
Finnegan (1970: 139) yoo ibsu, “the approach that need to considered conserving transmission
of oral poetry from far back communal things,”jedha.Akka yaada kanatti, Afoolli dur irraa
kaasee afaaniin daddarbaa kan dhufee ta’uu isaati. Kana jechuun Afoolli bakkuma dhaabbateeti
kan hafuu miti; dhaloota tokkoo irraa kan itti aanuuti daddarbaa deema.
2.2.3. Midhagummaa
Midhagummaan afoolaa amala afoolaa keessaa tokko ta’ee kan bifa qalbii daawwataa,
dhaggeeffataa fi dubbisaa hawwachuu danda’uun, akkasumas, miira sammuu dubbisaa keessatti
uumuu danda’uun kan qophaa’uudha.(misgaanuu, 2011:33).
Akka yaada kanaati Afoolli midhagummaa isaa yoo ummanni haala hawwataa yookiin
kaka’umsa qabuun hordoofeedha. Dhaamsa dabrsuu barbaade sana haala bareedaan, jechoota
sammuu namaa booji’aniin miira nama keessatti uumuu danda’anii kan qophaa’u ta’uu isaati.
Kunis akka afoolli sun hin dagatamneef waan itti yaadamee qophaa’e fakkaata.

9
2.2.4. Jijjiiramummaa
Afoolli jijjiramuuf baay’ee saaxilamaadha. Akkuma adeemsi hawaasaa haala jiruu fi jireenyaa
Waliin walqabatee jijjiiramaa deemuu afoollillee walumaan jijjiiramaa deema. Bu’uurri afoolaa
hawaasa waan ta’eef,Afoolaa fi hawaasni gargar bahanii jiraachuu hin danda’an.( Jaaraa fi
wasanee,2008: 167). Yaaduma kanatti dabaluun Berhanuun (1991:4) irratti yoo ibsu, “an other
character of oral literature is carried by memory and it is delivered by word of mouth. The
performance may introduce variation in wording structure or content” jedha.
Akka yaada hayyuu kanatti, amaloota afoolaa keessaa sammuu keessatti kuufamuu jechoota
afaaniin daddarbanii fi raawwiin himamuu keessaa jijjiiramni, jechoota, himaa, caasaa
(qabiyyee) mul’achuu isaati.Akkasumas, afoolli dhaloota dhalootatti yeroo darbu wanti irraa
hir’atu yookiin itti dabalamu jiraachuu isaati.Kun immoo afoolli akka jijjiiramaaf saaxilamu
godha yaada jedhu qaba. Kanumatti dabaluudhaan wanti hubatamu, afoolli jijjiramummaan ala
bahee jiraachuu akka hin dandeenya nama hubachiisa.

2.2.5 Hurrubummaa
Hurrubummaan amala afoolaa keessaa tokko yemmuu ta’u, innis afoolli akka lubbuu horatuu
kan taasisuudha. Hurrubummaan jiraannaan afoolli lubbuu horachuu isaa waanuma jiru
jechuudha.Hawaasni aadaa isaatti yeroo dhimma bahuu afoolaan gargaaramuun isaa waan
beekamaadha.Yemmuu afoolatti dhimma bahuu immoo hurrubummaa raawwachuun isaa waan
hin ooledha.Yaada kana Misgaanuun (2011:2) irratti yoo ibsu “hirmaannaan hawaasni sirna
tokko keessatti raawwatuu hurrubbii jedhama” jechuun ibseera.
2.3 Faayidaa Afoolaa
Faayidaaleen afoolaa hedduudha.Isaanis ibsuu, cimsuu, fi dabarsuu, too’achuu, miliquufi
barsiisuudha. (Jaaraa W.B fi W.B Yaadatu (2000:169))
2.3.1. Ibsuu (descriptive)
Faayidaa afoolaa kun gaaffilee naannoo keenyaa irraa ka’aniif deebii kenna. wantoota naannoo
keenyatti argamaniif hubannoo cimaa ta’e dabarsa. Misgaanuu (2011:35) yoo ibsu “gaaffilee
naannoo irratti ka’aniif, gaaffii daa’immaan eessaan dhuftee wantootaa irratti kaasanii fi kan
biroo deebisuuf gahee ol’aanaa qaba” jechuun ibsa.
2.3.2. Cimsuu FI Dabarsuu

10
Afoolli jireenya hawaasa tokko keessatti gahee ol’aanaa qaba.Afoolli amaloota gaggaarii
hawaasni qabu dhaloota dhufuuf akka darbuufi cimee akka itti fufu taasisa.Wasanee (2006:170)
irratti yoo ibsu “Afoolli aadaan fuudhaa fi heerumaa, aadaa, Weedduu Siinqee, aadaan
walkabajuu cimee akka itti fufuu taasisuudha” jedha.Yaada kanarraa Kan hubannu afoolli aadaa
gaarii hawaasni akka cimee itti fufuu taasisa jechuudha.
2.3.3 Too’achuu (Controlling)
Hawaasni amaloota gadhee ta’an akka balaaleffatu, amaloonni gaarii ta’anii fi fudhatama qaban
immoo cimanii akka itti fufaan eega.Wasanee (2006:170) afoolli amaloota gadhee ta’an
balleessuun, gowwummaa, dhabamsiisuu, abshalummaa kan barsisuu ta’uu ibsa. Walumaa
galatti, afoolli safuu hawaasaa eeguu keessatti gahee olaanaa taphata.
2.3.4.Barsisuu(Teaching)
Afoolli aadaa ittiin bulmaata, duudhaa fi kan biroo uummata barsiisa. Misgaanuun (2011:35)
irratti yoo ibsu “uummata kamiifuu osoo barnoonni ammayyaa kun hin dhufin dura akka madda
barnootaa fi beekumsaatti kan tajaajilaa ture ogafaan isaati.” jedha. Yaada kanarraa kan hubannu
afoolli madda beekumsaa hawaasa ta’ee tajaajila kan ture ta’u isaati. Dabalaataan
Wasanee(2006:172) afoolli aadaa uummata seera,duudhaa fi haala uffataa ni barsiisa. Amaloota
fudhatama qaban barsiisa. Jireenya keessatti jabatanii hojjachuu, tokkummaa qabachuu,
arjoomuu fi abshaalummaa nu barsiisa.Kunis afoolli aadaa gaarii hawaasa kan barsiisuu ta’uu
isaati.

2.3.5 Miliquu (Escape)


Miliquun jireenya nuffisiisaa jalaa gara waan nama boqachisuu harkifachuu yaalu
jechuudha.Jireenyaa ilma namaa dhiibbaa yeroo amantaa, uumamaa, qabeenyaa fi kan biroo irraa
kan ka’e bu’aa bayii hedduu kan guutamedha. Hawaasni dhiibbaawwan isaarra jiran qolachuufi
mormachuun rakkoo isarra gahuuf afoolatti fayyadamee miira keessa isaati dhikkifatu jalaa gara
boqonnaatti deemuun miliquu ta’uu ibsa.Yaada kana Misgaanuun(2011:172) meeshaa rakkoo
nama muudate ittiin jalaa miliqan ta’uu lafa ka’eera.
2.4 Yoomeessa Afoolaa
Afoolli yeroo fi bakka dubbii akkasumas,haala hawaasummaa sanaa irratti hundaa’uudhaan
yoomeessa mataa isaa danda’e qaba. (Asaffaa 2009:31). Haaluma walfakkaatuun Misgaanuun
(2011:31) irratti yoo ibsu “Afoolli yeroo fi bakka itti raawwatamu qaba. Yoomeessi raawwii

11
afoolaatiif murteessaadha. Akkasumas, haala keessatti raawwatamu qaba.”jedha. Akka yaada
waraabbii armaan oli irraa hubatamutti, afoolli yeroo fi bakka hundatti akka hin raawwanneefi
yoomeessa murtaawaa keesssatti kan raawwatamu ta’u isaati. Akkasumas, haala hawaasicha
irratti yookiin uummata sanaa irratti kan hundaa’u ta’uu isaa nama hubachisa.
2.5. Gosoota Afoolaa
Afoola gosoota garagaraatti qooduun ni danda’ama. Gosonni afoola kuniinis hojiirraa ooluuf
yeroo murtaawaa ni barbaada. Bakki fi haalli itti dubbataman murtaawaadha. Zaarihuun(1996)
akka ibsutti gosonni afoolaa heedduudha. Akkasumas, garaagarummaa biyyaafi aadaatiin
gosooni afoolaa haa jiraatan malee baay’inni isaanii karaa lamaan dhaloota dhalootatti
daddarbaa dhufaniiruu.Tokkooffaa karaa bifa walalootiin yoo ta’u, lammaaffaan immoo bif
seenessuutiin darban (himamaa) tureedha. Afoola bifa seenessuutiin darbaan keessaa muraasni
sheekkoo, durdurii, afseenaa fi kan biroo yoo ta’u, afoola bifa walalootiin darbaa dhufe keessaa
immoo muraasni, sirboota aadaa, weedduuateetee,sirbaacidhaa, dhadannoo fi kan kana fakkaatan
eeruun ni danda’ama. Gosoota afoola keessaa xiyyeeffannoo qorannoo kanaa afoola bifa
wolalootiin daddarbaan dhufaan keessaa weedduunSiinqee irratti dhaloota gara dhalootatti kan
darbuudha.
2.6. Maalummaa Siinqee
siinqeen ulee qal’oo, sorooroo muka harooressaa irraa muranii tolchan, kan dubartiin heerumte
qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal’aa fi sorooroo wanta qabuu fi kan laayyootti hin
cabne, waan ta’eef filatama. Siinqee hojjaa/dheerina dubartii qabattu akka gitutti
muru.Siinqeen akka diimatee bareedu baaxii manaa jala bakka aara argatutti suuqu.Siinqee
akka uleetti hin fayyadaman, horii ittiin hin haleelan.Yeroo qabatan illee akka dhadhaabbataatti
hin fayyadaman.Kudhasadi(13) Dubartoonni siinqee qabatanii gurumuudhaan sirna
hawaasummaa fi amantaa heddu wanta raawwataniif siinqeen waraana dubartii ti jedhu.
2.7 Haadha Siinqee
Haati intala heerumsiistu, siinqee, boraatii fi baarree qopheessiti.Siinqeen mallattoo
birmadummaa/uumamaan bilisa ta’uu/ ti.Boraatiin muka irraa soqamee tolfamee, calleedhaan
faayame immoo mallattoo haadhawarrummaa ti.Baarreen qodaa aannanii waan ta’eef
mallattoo qabeenyaa ti. Cidha gaa’elaa irratti yeroo misirrichi/idaayyichi misirroo/idaayyittii
fudhatee galuuf ka’u, haati ishii siinqee, boraatii fi baarree harkatti qabattee, balbala fuula dura

12
teessi. Idaayyichi, bira gayee dhaabbata.Haati Idaayyittii “hoo baarree hoo barsee” jettee
siinqee, boraatii fi baarree itti kenniti.‘Hoo barsee’ jechuun yaboo/adaraa sirra keewwadhee
jechuu dha.Hamaamonni oggaa qe’ee ga’u, idaayyichi siinqee, boraatii fi baarree idaayyittiitti
kenna. Idaayyittiin seera hirma furaa booda, siinqee boraatii fi baarree qabattee ol seentee gola
ishii keessi. Kanumaan haadha siinqee taati.Yeroo eebbisan illee ‘siinqee baarree oofkalaa’
jedhu.Jifuu/geettii/fuudha kana nagaadhaan keessa fulla’aa jechuu dha.Siinqee seeraan
kenname kanaan mirga haadhawarrummaa ishiin qabdu ittiin tikfatti.Hawaasa keessattis
dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seera adda addaa ittiin raawwachiisu.
2.8. Ulfina Haadha Siiqqee
Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi.Dubartii siinqee qabattee
karaa deemtutti yoo dhufan hin qaxxaamuran.keessattuu dhiirti yoo ishiin hayyama kenniteefii
dabarsite malee bira hin darbu. Dhaabbatee ishii dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishii dura hin
ce’an. Dubartoonni siinqee qabatanii wal faana yaa’an/bayima ba’an, Ateetee/Ganyaa
jedhamu. Dubartoonni bayima ba’anii, siinqee faarfachaa deemanitti yoo dhufan/ nama
tokkoos ta’e nama hedduus ta’an, maanguddoon illee, farda irraa bu’anii, gadi jedhanii marga
jiidhaa ciratanii “ Ilteeninnaa” jedhanii itti irreeffatu. Dubartoonnis akkasuma marga ciratanii itti
irreeffatanii “obbayaa” jedhanii deebisu. Dubartoonni bayima ba’an, otoo isaan hin eebbisiin
nama isaan qaxxaamure ari’anii qabanii adabu.
2.9. Gahee Haadha Siinqee
Sirna Gadaa Oromoo keessatti gaheen haadha Siinqee dhimmoota hawaasummaa adda addaa
qabdu daraan ol-aanaadha. Gaheen haadha Siinqee dhimmoota hawaasummaa keessatti qabdu
gurguddoon isaan armaan gadiiti :
2.9.1 Gadi qabaa/dhaanicha abbaa warraa irraa baraaruuf
Sirni Gadaa ,seera siinqeetiin, mirgi dubartoota Oromoof kenne, kan ittiin mul’atu keessaa
tokko, dubartii abbaa warraatiin dhaanamteef, dubartoota gurmuu uummataniin birmannaa
godhamu. Sagaleen dubartii dhaanamte bakka dhaga’ametti, mallattoo wal waamichaa kan ta’e
sagalee ililfannaa, “ililii,ililii,ililii…” jedhu wal dhageessisanii walii qaqqabu. Akka seera siinqeetti,
dubartiin sagalee ililfannaa dhageesse, kan daa’ima hoosisaa jirtus, kan sa’a elmitus, kan
okkotee ibiddarraa qabduus, hojii of harkaa qabdu battalatti dhiistee, siinqee ofii luqqifattee,

13
hatattamaan birmachuuf dirqama qabdi.Dubartoonni seera siinqee raawwachiisuuf gurmuun
deeman, weedduu siinqee weeddifachaa mana dubartii abbaan warraa dhaane sana qaqqabu.
Dubartoonni dura qaqqaban, dubartii sana siinqee qabachiisanii manaa baasuNamicha
haadhawarraa isaa dhaane dabalatee, dhiirti haati warraa isaa gurumuu kana keessa jirtu
hundi, qe’een isaa adiyyoo dha. Bultiin abbaa hin qabu. Daa’imni ni booya. Kanaafiyyuu dhiirti
marti namicha balleessaa hojjate sana murtiitti dhiyeessuuf carraaqa. Dubartoonni, miseensa
isaanii miidhamte itti marsanii, faaruu isaanitiin roorroo didaa, gara caffee/Mana maree Gadaa/
erga seerri Gadaa laaffatee booda jaarsolee gosaatti iyyata deemu.Qaamni itti iyyatan, waltajjii
qabaniifii, ulfina isaanitiif jecha, ofirra taa’anii dubbisu. Kana malees, gadi jedhanii marga jiidhaa
ciratanii, “ilteeninnaa” jechuun itti irreeffatu.Dubartoonnis “hobbayaa” jedhanii eebbisu.Yeroo
seera kana raawwatan, weeddudhaan siinqee faarsuu hin dagatan.Qaamni himannaa isaanii
dhaga’uuf taa’e, “Wayyooma/ulfina dubartii kan tumaadhaan dhugoomse Gadaa dha.” Jechuun
seera jiru mirkaneessuudhaan,waltajjii jalqabu. Sana booda, “ulfoo teenya maaltu bade, maal
rakkattan” jedhanii dubartoota gaafatu. Dubartiin gurmuu kana gaggeessitu, dubartii
dhaanamte of fuuldura qabdee, waan ishii irratti raawwatame caffee fi yaa’iitti himti. Qaamni
seera raawwachiisu, nama miidhaa kana raawwate, waamanii dhiyeessanii, dubbii qoratu.
Hanga murteen kennamutti, dubartoonni, roorroon akka irraa dhaabbatu weedduudhaan
gaafatu.Xumura irratti caffeen, miidhaa qaqqabe madaalee, murtee dabarsa. Murteen kun
horii/loon inni qabu keessaa isa mararsiifatu/ sangaa/qotiyyoo isaa qaluu ta’uu danda’a. Seerri
siinqee murtee kana raawwachiisee, dubartoonni sangaa qalame yaa’iidhaaf laatanii, weedduu
isaanitiin siinqee faarfachaa, dubartii dhugaa argatte sana manaan ga’anii, mana mana ofitti
galu. Birmannaan akkanaa, dubartii qanafaa addarraa qabdu/ kan deessee ji’a jahaa hin
guunneef/ malee, dubartii abbaan warraa dhaane hundaafii miti kan jedhan jiru. Akka
manguddoo irraa dhageenyeetti , erga sirni Gadaa laaffatee booda birmannaan akkanaa,
deessuu dhaanamteef qofa ta’e malee, dur dubartii hundaaf birmatu. Kan deessuu dhaane
adaba isaatu guddaa dha.
2.9.2 Lola dhaabuuf
Gosa Oromoo gidduutti, walitti bu’iinsi uumamee, lolli hamaan/waraanni ka’ee,namni wal
miidhe, dubartiin oduun lolaa kun dura, gurra bu’e, ililfattee,dubartoota bakka hallee

14
dammaqsiti. Gurmuun dubartootaa, oduu waraanaa kana darbaa walii dabarsanii, siinqee
qabatanii battalatti walga’u.Weedduu isaanitiin siinqee weeddisaa gara lafa lolaatti oggaa
deeman, Waaqa siinqeedhaaf aangoo kana kenne faarsu.Iddoo lolaa sanatti wayta dhiyaatan
immoo weedduu isaanii keessa, waraanni akka dhaabbatu maqaa Waaqaatiin gaafatu. Bakka
lolaa sana yoo ga’an siinqee isaanii faarfachaa, lolli akka dhaabbatu gaaftu. Kanaan yoo
dhaabbachuu dide, gidduu seenu.Waraana hamaa attamii illee yoo ta’e, seera kana bira hin
darbu.Battalatti dhaabbata.Siinqeen meeshaa araaraa ti.
2.9.3 Hoomaa waraanaa eebbisuuf
Birmadummaan biyyaa yeroo xuqamee fi diinni waraana labse, raayyaa waraanaa diina
biyyarraa deebisuudhaaf duula deemu kan eebbaan gaggeessan dubartoota. Gaafa duulaa
sana, gurmuun dubartootaa, bayima ba’anii weedduu isaanitiin siinqee faarfachaa, waltajjii
hoomaan daangaa biyyaa kabajsiisuuf deemu sun irratti wal ga’u dhaqu.Dubartoonni tarree
lamaan hiriira galanii fuulleetti wal ilaalaa, siinqee mataa waliin ga’anii dhaabbatu.Loltoonni
duula deeman siinqee jala hulluuqu. Wayta isaan hulluuqan kana, Anshaa afannee jala teenna
( anshaan maqaa mukaa ti) Ansho’oo kadhanna ilma keennaa jedhu.(ansho’oo kadhanna
jechuun nagaadhaan akka galan kadhannaa jechuu dha)Erga loyanii keessa ba’aniin boodas
“loyaa ooffolaa/oofkalaa, ari’aa qaqqabaa” jedhanii eebbisu. Loltoonnis, wayta siinqee jala
loyan akkanatti weeddisu,Aayyoo offollee offoltiin faaya naan jette,(aayyoon nagaa naa
kadhattee, nagaan galuun waan tolaa dha naan jettee, yaada jedhu qaba.) Warri duula deemu
eebbisuunis aangoo seerri siinqee dubartoota Oromoof kenne.
2.9.4 Waaqa araarfachuuf
Bara ongeen hammaate, bara dhibeen daddarbaan biyya seene, walumaagalatti yeroo rakkoon
jabaan dhalate, gurmuun dubartootaa malkaatti ba’anii Waaqa kadhaan araaraa godhu.
Gurmuun dubartootaa siinqee, irreessa fi aannan ciicootti qabatanii siinqee weeddifachaa
malkaa bu’u. Oggaa malkaa ga’an, faaruudhaan Waaqa kadhatu:Ateetee, anshaan ka baalee,
Waan sa’aa namaa anshoof ka baane; jedhu.(Dubartoonni seera siinqee raawwachiisan Ateetee
jedhamu/ anshaan ka baleen, muka anshaa baala qabuu) jechuu dha.Waan sa’aa namaa
anshoof kabaanen jechuun immoo, nageenya sa’aa namaa kadhachuuf baane, hiika jedhu qaba.

15
Malkaa irratti, hanfalaa/sabbata hiikkatanii, marga sana irreeffatanii, aannan dhibaafatanii
faaruudhaan Waaqa kadhatu.
BOQONNAA SADI : SAXAXA QORANNOO
Saxaxni qorannoo kanaa haala waliigala qorannichaa Kan hordofuudha . kunis akkaataa
qorannoon itti adeemsifamu irratti Kan xiyyeeffatuudha . Kanaaf akaakuu qorannoo keessa
qorannoo kanaa adeemsisuuf akkaataa odeeffannoo qorannoon itti funaanamu , odeeffannoo
akkaataa itti qaacceffamu fi ibsamu mala qorannoo walmakaatiin ibsameera. Haala qabatama
haawwota Siinqee Godina Arsii Aanaa Diksiis ; Ganda Uruu Qadiidaa keessatti argaman irraa
Odeeffannoo argameen mala qorannoo akkamtaan gargaaramuun odeeffannoo funaaname
ibsuuf yaalameera . Kanas akka YaadaTsigge (2010:13-14) ibsutti malli qorannoo akkamtaa
ilaalcha , amantaa fi amala kaka'umsaa nama dhuunfaa gadi fageenyaan waan ibsuuf mala
kanaatti gargaaramuuf yaaleera.
Kanaafuu malli Saxaxni qorannoon kun ittiin dhiyaate mala ibsaati . Kana ilaalchisuun ,
Adunyaan (2011:63) Yoo ibsu ; "Qorannoon tokko haala ibsaarratti xiyyeeffatu yaanni isaas ibsa
" jedha . Kanaafuu ragaalee afgaaffii , marii garee fi daawwannaa irraa walitti qabaman
xiinxaluuf gaariidha jedhee waan tilmaameef mala ibsaatti dhimma baheera .
3.1. Irraawwatama
Irraawwatamni waan qorannoo tokko irratti adeemsifamu Yoo ta'u , kunis mat-duree ;
Qaaccessa qabiyyee Weedduu Siinqee godina Arsii Aanaa Diksiis irratti kan xiyyeeffatuudha .
Maddi ragaa haawwota Siinqee godina Arsii Aanaa Diksiis Ganda Uruu Qadiidaa keessatti
hubannoo qaban irraa odeeffannoo funaannachuun ta'a . Yaada kana Adunyaan , (2011 : 65 )
irratti yoo ibsu ; "qorannoon tokko Irraawwatama qaba .” Kunis namoota fi dhimmoota
qorannoon irratti adeemsifamu ibsa. Kanaaf akka madda ragaatti haadha Siinqee fi miseensota
haadha Siinqee godina Arsii aanaa Diksiis jiraattota Ganda Uruu Qadiidaa kanneen ta'an keessaa
haawwota 5 (shan ) kanneen gabatee armaan gadii keessatti argaman ta’u.

T.L Maqaa haawwotaa Umrii Ganda Gahee hojii Lakk.bilbilaa


1. Daraartuu Waarituu Kanniisoo 38 Uruu Qadiidaa Haadha Siinqee 0916066066
2 Gariibee Galgaluu Buttaa 43 Uruu Qadiidaa Haadha Siinqee Hin jiru

16
3 Lookoo Gashuu Dullee 50 Uruu Qadiidaa Haadha Siinqee Hin jiru
4 Safiyaa Kennoo Iluu 45 Uruu Qadiidaa Haadha Siinqee Hin jiru
5 Shunkaa Qarree Gammadaa 38 Uruu Qadiidaa Haadha Siinqee Hin jiru

3.2 Maddoota Odeeffannoo


Maddoonni ragaa qorannoo kana keessatti fayyadame haawwota Siinqee aanaa Diksiis ganda
Uruu Qadiidaa madda odeeffannoo kanas qabatamaan miseensota haawwota Siinqee kan ta'an
manaa fi bakka hojii isaaniitti bira deemuun afgaaffii fi daawwannaa gochuun odeeffannoo bifa
waraabbii sagalee fi suur-Sagaleen odeeffannoo qabatamaa dhimmoota Siinqeen walqabatuu fi
weedduu Siinqee ilaalchisee argame qaaccessuun kan dhiyaatu ta'a.
3. 3 Mala iddattoo fi Iddatteessuu
Malli iddatteessuu filatamee ;haala Kumar , ( 1996 :162 )ibsu " qorataan mala iddattoo fi
odeeffannoo kennitoonni filatus addaan baasuun odeeffannoo gaarii kennuu danda'an "jedhee
yoo ni beekan jedhee itti amanameedha . Kana bu'ura godhachuun namoota gadi fageenyaan
haala Kan qaaccessuun Kan adeemsifamu ta'a .
3.4 Malleen Funaansa ragaa
Malleen Funaansa ragaa qorannoo tokkoo gaggeessuun wantoota odeeffannoo ittiin
Sassabataniidha .Isaanis odeeffannoo funaanamuu fi kaayyoo qorannoo irratti hundaa'uun ;
qorannoon kun qorannoo akkamtaa Qaaccessa qabiyyee Weedduu Siinqee godina Arsii Aanaa
Diksiis irratti waan xiinxalameef Malleen Funaansa ragaa odeeffannootiif afgaaffii fi
daawwannaatti fayyadamee gaggeessuuf filadheera .
3.4.1 Af-gaaffii
Af-gaaffiin fuula fuulatti wanta gaafatamuu barbaadamu gaafatanii hubachuuf gargaara . Af-
gaaffii lamaan : af-gaaffii banaafi cufaa akkaataa barbaachisummaa ibsaatiin itti dhimma bahuuf
filatameera.
3.4.2 Daawwannaa
Meeshaalee funaansa ragaa adeemsa qorannoo kanaa keessatti ittiin fuunamuuf filataman
Keessa inni Lammaffaan daawwannaadha. Sababni isaas qorannoo kana keessatti
daawwannaan akkaan barbaachisaa waan ta'eefiidha.Akkasumas Sirnoota adda addaa haadha

17
Siinqee ilaallatan godina Arsii Aanaa Diksiis keessatti adeemsifamu daawwachuun xiinxalee
qaaccessuuf daawwannaan mijataadha.
3.5. Tooftaa Qaaccessa Ragaa
Tooftaawwan qaaccessa ragaa Kan filatamee mala qaaccessa ragaa qorannoo akkamtaa
(qulqullee) tti Kan gargaaramuuf filatameera . Tooftaa qaaccessa ragaa Adunyaa (2011:17) yoo
ibsu qaaccessa odeeffannoo akkamtaa keessatti odeeffanicha qabaachuun irra deebi'anii
dubbisuun keessoo isaa baruu , qoqqooduu , ibsuu fi hiikuun adeemsa qorataan tokko hordofuu
qabuudha . Walumaagatti qorannoo kana keessatti mala ibsaa fayyadamuun odeeffannoo
Malleen gara garaatiin funaaname xiinxaluun gadi fageenyaan ni hiikama.

3.6 KAROORA YEROO HOJII FI BAAJATA QORANNOO

TT. Gochaawwan Yeroo raawwii Gochaalee


L Karoorfaman Hag Ful Onk Sad Mud Ama Gur Bit Eb Cam
1 Mat-duree filachuu X
2 Ogbarruu Sakatta'uu x
3 Wixinee qorannoo x X x
qopheessuu
4 Malleen qorannoo x
5 Meeshaalee funaansa ragaa X
6 Odeeffannoo funaaname X
Qaaccessuu
7 Barreffama gabaasa x
qorannoo gulaaluu
8 Barreffama xumura gabaasa X X X x x
qorannoo qopheessuu

18
9 Barreffama xumura gabaasa x x
qorannoo Galchuu

3.7 Karoora Baajataa Hojii Qorannichaa

Lakk. Wontoota Barbaachisaa Baay'na Gatii tokkoo Gatii dimshaashss


1 Waraqaaf Paakkettii 1 500 500
2 Qalamaaf 3 25 75
3 Qabduu waraqaaf 1 70 70
4 Sarartuuf 1 15 15
5 Barreessuudhaaf 75 10 750
6 Manxansuuf 2 100 200
7 Meeshaalee funaansa ragaa 1 500 500
qopheessuuf
8 Geejjibaaf 3 500 1500
9 Oolmaa guyyaaf 3 500 1500
10 Shiboof 1 25 25

19
Wabiilee
Abarraa Nafaa. (1999). Afoola Oromoo Tuulamaa; Walaloo Geerarsa, (Jildii- 8)
qajeelcha qormaata Afaan Oromoo. Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa: Mana
Maxxansa Komershaalii.
Abdulbasit Abdulsamed (December 7,2014) Siinqee kabachiiftuu mirga dubartootaa.
Kitaaba siyaasa Oromoo Tuulamaa Jildii 1ffaabara 1999 Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaan
maxxanfame.
Dr.Mohammed Reshed (November 1,2015) The History of Oromo writing and contribution.
Mohammed Ademo (October 14,2014) Waayyuu Siinqee and Goraa among the Arsi Guji
Oromo.
Saba Oromoo fi Sirna Gadaa (The History of Oromo nation and Gada system (April 10,2016).
Siinqee:Sirna dubartiin mirga ishee ittiin falmattu (Caamsaa 31,2011)
Tamaam Haaji Aadam (Waxabajjii 2011) Ateetee tan mirga dubartoota Oromoo eegduu fi
eegsiftu,Yuunivarsiitii Haramaayaa.

20
21

You might also like