You are on page 1of 12

1.

Waldiddaa

...Gareen wal'aansoo Eda dhugaatii waliin godheen injifatamee ciisu hin xiqqaatu. ( Suuraa
Abdii,1993:1)

...takfii fi geergoon qaama koo biroo tuffatanii gurra koo fi morma koo jalatti duula labsaniiru.
( Fuula,25)

Qilleensaa karaa dhufaatii isaa hin beekamneen afuura nama kutaa bahuu isaa irrayyuu, baallee
manaa tokko tokkoon utuu diigu waliin gaheera. ( Fuula, 46) Nfi um.

"Eessa dhaqxa?" akka waan ani yeroo kaan mana ooluu na gaafatti. Takkaa kolfeen" Duri eessan
dhaqa...uumama waliin wal loluufin ka'e kaa!" hiixadhee gasoo fudhadhee yeroon ba'uuf ka'u"
isa dhibe ati eessa oolta? " bakka oolmaa ishee addaan baafachuu barbaadeen gaafadhe.
( Fuula, 6)

Jooteen rafeera...Birrituun immoo naga koof deebii kennuu mannaa" Errega

kenni kaa! " naan jette.

Errega maalii?" dinqameen gaafadhe. " Kan isa dhugaa ooltee! "qaanii tokko malee naaf
deebiste....

Gatantaraa kaatee" Lameen ammaa akka Jooteen si affeere nan beeka. Garuu isa duraa errega
na gaafatte malee qarshii natti him kennine naan jette.

... Ija akka dhiiga qeenfamee diimatu fuula xallaan buburreesse keessaa baaftee na irra
bu'uufkaate. Gatantaraa dhuftee... ( Fuula, 21).

Yeroo Jooteen iyya isheen dammaqu ' Abbaan Abdii na ajjeese!... Abbaan Abdii na ajjeese!"
jettee iyyuu ishee duwwaan dhaga'a. Innis osoo waa illee na hin gaafatin udhee...( Fuula, 22)
... Isa darbe yeroon lafa kaa'u hawwiin isa fuula duraa natti fe'amee jennaan yaadni koo goflaa
baasee balali'a. Kalee wal xaqaanii, dheengaddi shumburii, bor maal ta'uuf ta'a? natti him
jedhee sammuun koo walii isaa wal goola. ( Fuula,40)

Yeroon sokkuuf gadi ba'u Gorsituun balbala irratti natti dhufte. Garaan koo lamatti hirame. " Isa
dhumaa dhungadhuu yookaas dhiisu"kan jedhu. " Geessituun manaan hin geessiftu" jedhee
osoon nagaa itti hin dhaamin sokkuuf yeroon bira darbu....( Fuula, 72).

Namni rukuttaa laphee kootii ilaalee galmee dabeessaatti na hin ramadin hin hafu;... Onneen
hadhooftuu mormatti na facaafteetti.... harki koo dafqaan dhuunfatameera... huccuun koo sirba
baraa na irraa sirba.

Itti gaafatamaa mana hojii tokkoo waan ta'eef akka inni meeshaa qabu nan beeka. Yeroon ol
seenu "dursamuu irra dursuu wayya jedheen harka koo isa mirgaatiin mudhii koo keessaa
aaduu qaramee qophaa'e baase.

" Naaf yookiin siif dhumuuf yeroo muraasa duwwatu nu hafe." Yeroon jedhu ija dhiifama
gaafattuun na ilaala jedheen ture, inni garuu waan godhe gatii beekuuf jecha meeshaa isaa
nyaachifachuu barbaade malee hamma madaallii titiisa baattutti illee na hin ilaalle.

Yeroo inni cancala banuuf harka lamaan meeshaa gar-gar harkisu meeshaan koo morma isaa
irraa cancalaqxi, hidda mormaa kukkutee seenuuf humnaan dhiibbaa na hin rakkifne...haalaan
haaloo baasuuf qaramtee qophooftee turte. (Fuula 75-76)

Meeshaan lamaanuu qaama isaa irra, kan koo morma isaa irraa dhiiga waliin wal dorgomti, inni
kan isaa immoo haxxifachuuf akka qophaa'etti harka isaa irratti hafe.

Ija taajjabaan gadi deebisee ilaalaan, " Yakka ati hojjetaa turteef kun sitti xinnaata malee hin
guddatu! Yaadattaa! Mana meeqa gidirsitee?... Mana meeqa qorumsa Jireenyaan diigdee? ....
Osoo tokko boo'uu ati hin kofallee?... Tokko mudditee ofii hin badhannannee? Waaqa
lammeessoo of gooteetta moo ofi hin goone? ... dubbadhu isa dhumaa! Har'allee dhugaa hin
dhoksin! " akka waan inni deebii naaf laachuu dandattin sagalee koo ol fuudhee itti iyye.

" Nama namummaan gargaaruu malee Jireenya isaatti gitimaa buusuun hawwii koo hin turre,
garuu ati namummaan osoo hin ta'in bineesummaan guutamteerta kaa! bineensa sanyii suufaa
oolu. Lubbuun harka keetti yakkame kan koo duwwaa miti. Warri gara kuteenyaan hin
guutamin si baqataa jiraataniiru. Sobaa? dubbadhu Baraahee! ".... (fuula,77)

"Gurbaan Adaamatti kore, tikkeetta Adaamaa fidiifi haa muratuu! jedhe.

"Ni sobdu, Finfinnetti kore dafii gatii Finfinnee fidi!" jedhe abbaan muquxxaayii.( Fuula,84)

Amma illee osoo ani waa hin dubbatin "Wallaahii! Wallaahii! Adaamatti kore." ittiin jedhe.
"Wallaahii kee hin beeku! amma yeroo nutti hin gubinaa! Ni murattu yoo ta'e tikkeetta
muradhu! Yoo si hin taane ta'e.....

"Akkas jechuu hin dandeessu boo! Wallaahiin naaf amantii kooti." jedhee osoo dubbii hin
baayyisin ka'ee dhaabbate. (Fuula 84)

...... Gorsituu bineensa mana hidhaaf, Abdii immoo hiyyummaa diida sillaaseef badhaasee
dhufuun koo yoom iyyuu sammuu koo waliin walitti na hin haraarsu"lameen isaaniiyyuu kan
caalu na'an. Fuula,106

Yoo Gorsituun hanga ammaatti mana hidhaa keessa jirti ta'e dhaqeen gaafadha moo dhiiseen
deebi'a? ... Isheen badii eenyuuf adabamnaan ani immoo eenyuun ta'een ishee gaafadha?
gaaffilee sammuu koo haara galfii dhoorkan keessaa isaan kunis qaama tokko. ( Fuula,137)

" Hin barbaadu ani kana hin nyaadhu! " Abdiin Gorsitutti boo'a.

" Abdoo agartee? Raafuun isaa baay'ee minyaa'a, biddeenaan godheen afaan si kaa'a"
Gorsituun sossobdee nyaachisuuf yaalti.

" Daabboo malee kana hin barbaadu! Daabboo naaf biti jetnaan didde mitii? " ni boo'a.
" Hin barbaadu! Hin nyaadhu! " Kan caalu guddisee iyya. (Fuula ,141)

... Ajaja sammuu koon ala bahee si'a lama ol seenuuf ka'een dhaabadhe. Ta'ullee dhibee
sababni koo isaan irrattis qabuufi yaaddoo isaan naaf qaban xiinxaleen obsa bitadhe.
( Fuula,142)

Jaargocha

Seenaa/ Ergaa

Jiddutti Jooteen harka isaatiin dugda keessa na dha'ee "Eessa ooltee abboo? "naan jedhe. "
Dugda qabsoo oole keessa na hin deelleqiin! _ haaraan maaltu dhalate? bakkuman dur oolun
oole" qeequun barbaade. "Qabsoo! ... Mirga! qabsoo! qabsoo maalii eegalte yaa? Moo atis
afaan jabanaa kana baruu kee faarsuu barbaaddeeti? " naan jedhe kolfaa.

" Qabsoo ofii haara galfachuu dhabanii gasoo ofiis ayyaana ( carraa )dhaloota ishee
abaarsisan ... Lafa qofforuu...akka waan yoo dacheen boosse malee jireenyi nama hin
gammachiifne madaa maddii uumaa, bakka ganamaa,balleessanii uumama waliin waldorgomuu
. Gabaabatti dirqama Jireenyaa jechuu kooti"

" Safuuu! kan isin hin fidne hin jiru,dacheenis afaan baastee boo'icha jalqabdee?"

" Yoo ishee game maal haa gootu? ... Madda jireenyaa taate osoo jirtu galatni ishee abidda
boba'aadhaan deebi'eef, abaaboon ishee ilmaan namaa gammachiisuuf yoo mirga dhabe, utuu
hin cooligiin duraan dacheenis akkuma namaa diniinti "*$#Jooteef haa galuu jedhee osoo hin
ta'in kan na muddu of keessaa baasee furamuuf qofa. ( Fuula,16-17)
" Of lolanii daaraa ta'anii mul'achuu irra of baqataa .... Of oodaa jiraachuun hin woyyaa'uu? "

" Hamma yoomiitti?"

" Hamma boriitti ... hamma boru duubaatti_ hamma iftaaniitti ... hamma haaraan dhalatutti _
kan nu haraarsu" garaa kootiinin itti haasa'e.

" Hamma hiikamnutti jechuu keetii? " "Eeyyen! hamma hiikamnutti. _hamma cancalli kun nu
irraa hiikamutti _ hamma falmiin keenya mana Birrituu bira darbutti jechuu kooti"

" Naaf hin galle"

" Gurra dhaggeeffatuu fi sammuu yaadu gaafa horattu siif gala. Gaafa akka ati dafqaa jiraattu
kan si godhe bartu"...

" Ammas falaasama kee fiddee?" natti kolfe.

" Hundee dhibee ofii baruun falaasama miti. Yoom siif gala ta'aa! moo akka duddeen afuun
carraa kooti jechuu keetii? ( Fuula,28-29).

... Dhugaan sobaan xaxamee yoo awwaalame huccuu isaa soba boolla keessatti gatee du'a
mo'ee ka'uun isaa hin oolu. " Hiddi garraamii fi sanyiin dhugaa hin badu" jedhu mitii ree?
(Fuula, 32)

Ani garuu obsaan waggaa tokko irraa lama, lama irraa sadi, sadi irraa afur, afur irraa immoo
shaneffaa koo raawwachuuf gaafan aggaamsuun murtee koo isa ammaa kana irra ga'e.
Dhiibbaan mana hojii sanaa eenyu irraa iyyuu kan dhokate miti ... lafa sanyiin itti
qofforamuudha.

.... Anii fi warri na fakkaatan garuu lafa qofforaa jiraachuu malee Waajjira teenyee halluu
kobbee dhangalaasuu akka hin dandeenye warri dhugaa dhiitan, qorattootni sanyii nu irratti
murteessaniiru. ( Fuula, 48)
Yoo tole, yoo waaqayyoon sodaataniif, yoo dhugaan sammuu isaanii keessatti calanqiseef,
sadarkaa barnootaa fi muuxannoo hojiitiin kan na caalu hin jiru. Warra waliin dorgomne
hundumaa nan caala.

... Yoo didanii ammas lafee qofforu ta'e immoo anaaf duwwaa osoo hin ta'in isaan warruma
bantii jireenyaatti bahee jiruuf illee yeroon gabaabbatteetti _ murteesseera. ( Fuula, 63)

.... Manguddoo salphisaniiru, dargaggeessa onnee dhoorkaniiru. Kan isaanii malee aadaan
nama biroo isaaniif yakkamaa fi boodatti hafaadha. Laakin kan isaaniituu hamaa dabala hin
qabne, Afaaniin duwwaa faarsanii bakka kan biroo qabachiisuuf yaalii isaan hin godhin hin
jiru".... (Fuula,102)

Dhibaayyuun yakka taanaan hekeraan qoraattii laaftoo irratti hafee yuusaa jiraate; dhaloota
ammaa of jibbisiisnaan Odaa jalatti bara baraan osoo hin sooramin hafe ... Hora irratti,Caffee
irratti ... gaara irratti waliin seera muruu ni ambisan... humuriin kabajaa aadaa keenya ta'uun
isaa irraanfatameera. Irreecha yakka godhan. Leeqaan faguu, Nooleen daalaguu dhorkame.
Aadaa baay'ee kutanii deenboo itti baasaniiru.

Isa kaan immoo soofanii qal'isaniiru .... waan hedduun godaannisa nutti baasan." ( Fuula,103-
104)

... Yoo hayyoolii, dardaraa fi shamarran boossisan malee ... yoo manguddoo saaman malee kan
mootummaan biyyattii kufu fakkeessanii warra dachee, warra silaa qe'ee isaanii irratti nama
biroo sakatta'uuf male sakatta'anii qabeenya isaanii saamu. ( Fuula,116-17)

" Isin lafee tokko, isin foonii fi dhiiga tokko. Nama gaafa tokko qaama tokko irraa madde.
Qaamni qaama isaa hin kutu, qaamni qaama isaa hin ganu _ hin buusu _ hin gatu. Har'a yoo
garaa tokko keessaa baatan miti ta'ellee dur gaafa tokko hidda tokko irraa biqiltan ... Bishaan
tokko dhugdan, dirree tokko irraa dagaagdan ... Madda Walaabuu " .... ( Fuula 123)

Waan nama gammachiisu faranjootni dandeettii irraa kan hafe biyya isaaniitti yoo ta'e malee
asitti akka worra mootummaa biyyattii hidda namaa qotanii Sanyii irratti qormaata hin godhan.
Isaan biratti maqaan mallattoo ati namummaa keetiin nama biroo irraa addaan baatu malee
mallattoo Maddi kee Murmur gama yookaan gamana ta'ee ittiin qoratan miti. Isaan biratti gosti
waan biraa _ qormaatni qormaata ... qabxii dandeettii. ( Fuula, 127)

Walaloo gaafas Muhaammad mirqaana Jimaatiin barreesse hanga umrii koo guutummatti hin
irraanfadhu. Akka qopheessee raawwateen " Walaloo siif dubbisuu " naan jedhe.

" Kan maal jefhu? "

" Kan qe'ee keenya ganamaa, madda keenya, lafa handhuurri keenya itti hawwaalame faarsu"

" Falaasama biroo osoo hin taane mata duree isaa si gaaffe? "

" Madda Walaabuu " jedha. ( Fuula, 132 )

.... Guyyaan galma kootii gaafa humni qilleensaa ... humni galaanaa ... humni kutaa gaaraa ....
dhodhoosaa ... caccabsaa ... Oomaa waraanaa warraaqaa tokkoo kaasee hamma afuriitti warra
cuquliisa uffatanii humna meeshaatiin gatiittii namaa irra tahan yoo dhibaman qofa dha. Osoo
isaan jiranii akkamiin gala? Qomoo isaaniif jecha Suuraa koo facaasanii bakkan argametti akkan
du'u natti murteessuu isaanii ni beekta mitii ree? Gaafa isaan aangoo irraa bu'an, Finfinnee
Ministeera barnootaa gajjallatti mana bal'aa kan hundumaaf teessuma walqixxee qabu ijaarra.

Agartee Gorsitu? Mana amma ijaaramee jiru kana keessa kaan diinqa taa'a, kaan Geefoo jala
taa'a, walakkaan immoo bakka teessoo haa turuu gaaffii dhabee bokkaa fi Biiftuun dararamaa
jiraata. Nuufi warri akka keenya manni itti dhiphate mana bal'aa karaa hundumaa jabaatee
ijaaramee hin dhimmisne ijaaruuf waan barbaachisu qopheessaa jiru. Mana hundumtuu gola
isaa irratti murteessaa ta'e jechuu kooti.
Gaafas ana duwwaa osoo hin ta'in firootni keenya kan muudanaa, Xiichoo, Soofumar, Kaachis,
Geeraa, Gaatiraa, Walal, Birbir, Filtuu, Baatii, fi Dabaaxii keessa jiraatan ilmaan Madda
Walaabuu hundumtuu ni dhufu.Yoo haqaan waliin jiraatna ta'e, mana dhimmisaa moofa'e kana
suphuu irra haaraa jabaataa Onnee dhugaadhaan ijaaruu qabna. Yoo kana hin ta'in ta'e immoo
rakkina hidda, dagalee, soree, citaa fi mukaa waan hin qabneef Mana guddaa Madda
Walaabuu ijaaruu kan nu dhoorku hin jiru, jabinaa fi hamilee qofa nu gaafata. .... ( Fuula,145-
146)

... Hamma Hirnaa geenyutti Anis burjaajiin koos hojjattoota waldaa gargaarsa "CARE" turre.
Wanti dhaabbataan hin jiru ... hundumtuu akka gaaddisaa naanna'a. Qarshiin kumni shantamii
shanii fi dhibbi Sagaliif Shan na waliin gargaarsa warra Madda Walaabuu dhaqe. Konkolaataan
garuu Mr. Jooniif ( itti gaafatamaa CARE) deebi'e. ( Fuula,155 )

Yoomessa

 Halkan walakkaa, sa'aatii torba,


 Shuroo Meedaa, Koonyaa Inxooxxoo, f- 24
 Bara 1986
 Lagahaar, Bishooftuu, Adaamaa, Matahaaraa, Mi'eessoo, Erer, Dirre Dhawaa lagahaar,
 Shawaa Lixaa, Koonyaa Amboo, Ona Incinnii....

Waliin Dubbii ykn Ofiin Dubbii


"Maal ati illee boo kan maal jedhuu wallaalte? Afaan inni yeroo duraaf na waliin
dubbate. " Maal jedhuun maali? " kan inni jechuu barbaade addaan baafachuu
barbaadeen. F.27

" Boo bakka gadi teessu dhabdee? koottu asiin wal dhiibbatnee teenyaa! " naan
jedhe. .... F 83

Yoo Mana keessaa Gorsituu fi Abdii dhabe hoo? Mana cufaa taa'utti yoon ba'e
hoo? ... bilbila gaaffii sammuu koo keessaa na muddan ture. F- 140.

" Eenyuun barbaaddu? " sagalee dutnaan wal keessaa tokkoon na gaafatte.

" Abdii Amansiisaa" ija keessa ilaalaan itti hime.

" Maal isaati? "

" Eessuma isaati, baadiyyaadhaa waanan dhufeef osoon hin argin hin galu
jedheen " abbummaa koo dhoksee mucaa koof eessuma ta'e .... F- 151

Yaadiddamoonni qeeqa Ogbarruu warreen lakkoofsaan heddu jedhaman kunniinis;

Yaadiddamoota qeeqa Uunkaa /Bifeessummaa/, qeeqa Dubartummaa, qeeqa Maarkiisiizimii,


qeeqa Deebii dubbistootaa ykn Kallattii dubbisaa, qeeqa Hundeerraa/Seenaa, qeeqa
Xiinsammuu, qeeqa SafuuYaadiddamoota qeeqa Hawaasummaa, qeeqa kolonii boodaa, qeeqa
Dhugummaa, qeeqa Seenaa Jireenyaa fa'a yoo ta'an warreen kana keessaa kan hojiin koo irratti
fuulleffate Yaadiddama Uunkaa/ Bifeessummaa waan ta'eef maalummaa isaa gabaabinaan
akka itti aanutti dhiyeessa
Maalummaa Qeeqaa

Jecha qeeqa jedhuuf yeroo baay’ee namoota baay’ee biratti hiika walfakkaataa tahe hin
kennamu yookiin walii namaa hin galchu. Sababnisaa, namoonni yeroo baay’ee jecha kana
akka hanqinatti kan ilaalanidha. Yeroo maras akka waan rakkinaafi mudaa qofaa ilaalanii fi
namoonni baay’een akka jecha faallessaa ta’etti fudhatu. Haaluma kanaanis, namoota qeeqoo
ogbarruu jedhamanis akka warra dogoggora barbaadoo ta’anitti fudhatamuun kan ilaalamaa
turaniidha. Haa ta’u malee, jechi qeeqa jedhu kunis kallattii lamaan kan ilaalamu yoo ta’u, Innis
hanqinaa fi cimina waan tokkoo walfaana ibsuu kan of keessatti hammatuudha.

Walumaagalatti, qeeqni ogbarruu, hojii ogbarruu tokko sirriitti beekuu fi qorachuun


safartuuwwan ogbarruu murtaawoo ta`an bu`uureffachuun madaalli ogummaan kennamudha.
Dabalataanis, qeeqni ogbarruu hojii tokko kanneen biroo waliin dorgomsiisuun sadarkaan kan
ittiin murteeffamu , jabinniifi laafinni hojichaa adda bahee kan ittiin beekamu gochaa
ogummaati.
Qeeqa ogbarruu ilaalchisuun beektonni baroota keessa hojiilee ogumaa turanirratti
bu`uuruun hiika adda addaa kennaa turaniiru. Hiika hayyoota adda addaatiin kennaman
keessaa muraasni;

Qeeqni ogbarruu yaadrimee beekamaa ta’een qeenxoo (piece) ogbarruu tokko qaaccessuu fi
madaaluudha. Haaluma kanaan qeeeqni ogbarruu yaadrimee hojii ogbarruu qaaccessuufi
madaaluu kan of keessaa qabuudha.( Terry Eagleton, 1996:10)

Qeeqni ogbarruu hojii barreessitootaa ilaalanii jabinaafi laafinasaa addaan baasuu qofaa kan
ilaallatu miti. Kanaaf, qeeqni ogbarruu; Waa`ee dayeessaafi bu`uurawwan ogbarruu, waa`ee
amaloota ogbarruu, waa`ee icciitii uumamasaa, waa`ee gochaasaa, waa`ee bu`aalee buusuu,
waa`ee walitti dhufeenya gochaalee namootaa kanneen biroo waliin qabuu, waa`ee gooroosaa,
waa`ee malleen barreeffamasaa, waa`ee dhufteesaafi seenaasaa ilaalchisanii ka`an hunda
hammata. (Rene Wellek 1966: v) “Qeeqni ogbarruu waa`ee seenaa ogbarruu dubbachuu fi
gooroowwan ogbarruu qoqqooduun ramaduufi ibsuu dabalata. (Graham Hough,1966:3)

Haaluma walfakkaatuun, namni (C. Hugh Holman 1985,p. 98 ) jedhamu

“hojiilee ogbarruu ibsuu, qorachuu, madaaluu akkasumas safartuuwwan hojiilee ogumawwan


sun ittiin safaraman, malleeniifi ulaagaalee baasuudha” jedha.

Qeeqni ogbarruu bal’inaan kan hiikamu dinqisiifannaa beektonni hojii ogbarruutiif kennaniini.
(C.T. Winchester 1889:1)

Walumaagalatti, qeeqni ogbarruu, hojii ogbarruu tokko sirriitti beekuufi qorachuun


safartuuwwan ogbarruu murtaawoo ta`an bu`uureffachuun madaalli ogummaan kennamudha.
Dabalataanis, qeeqni ogbarruu hojii tokko kanneen biroo waliin dorgomsiisuun sadarkaan kan
ittiin murteeffamu , jabinnii fi laafinni hojichaa adda bahee kan ittiin beekamu gochaa
ogummaa ta`uusaa hubachuun barbaachisaadha.

  Qeeqni ogbarruu - adeemsa ogbarruu tokko madaallee qaaccessuun hiika itti kennuuti. Hiika
kan keessa waan gurguddaa afuritu jira. Isaanis: madaaluu, ibsuu, qaaccessuufi hiikuudha. Itti
dabaluudhaan yoo ibsu, hojii ogbarruu tokko qeequuf kallattiiwwan adda addaatiif
xiyyeeffannoo kennuu qabna. Kanneen keessaa, afaaniifi caasaa isaa, faayidaa dhiyaateef,
odeeffannoofi ilaalcha addunyaawaa inni dabarsuufi dhiibbaa inni jamaarraan gahufaadha
jedha.

You might also like