Professional Documents
Culture Documents
WEEDDUU Buxxuula
WEEDDUU Buxxuula
IJAAROO DAMMISHUU
Amajjii 2014/2022
Yuunibarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa
Xiinxala Weelluu Buxxuulaa Oromoo Arsii Aanaa Qoree
IJAAROO DAMMISHUU
Amajjii 2014/2022
ii
IBSA BARREESSAA
Waraqaan qorannoo kun hojii dhuunfaa koo kan ta‟eefi mata duree kana irratti
Yuunibarsiitii kamiiyyuu keessatti qorannoon kan irratti hingaggeeffamne ta‟uu isaa
mallattoo kiyyaan mirkaneessa. Wabiileen qorannoo kanaaf dubbisee itti gargaarame
hundaa wabii keessatti kan kaahe ta‟uu kiyya ibsuun barbaada.
Maqaa Barataa Ijaaroo Dammishuu Mallattoo ____________
Guyyaa _____________
Muummee _____________
iii
SEENAA BARREESSAA
Ijaaroon Muddee 6, 1983 Godina Arsii Lixaa Aanaa Qoree Magaalaa Goobeetti abbaa
isaa obbo Dammishuu Fatoofi haadha isaa aadde Dharroo Dhaqqaboo Shoggee irraa
dhalate. Akkuma umriin isaa barumsaaf gaheen barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa mana
barumsaa Godeetti bara 1991 barnoota eegale. Kutaa 1-2 achumatti xumuruudhaan bara
1993 kutaa 3ffaa mana barnootaa Goobeetti jijjirachuun itti fuufe. Mana barumsaa kanatti
1998 qormaata biyyooleessaa kutaa 8ffaa fudhate. Bara 1999 kutaa 9ffaa mana barnoota
Kofaleetti eegale. Qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa bara 2000 achumatti fudhate. Bara
2001 gara kutaa 11ffaatti darbuudhaan mana barnoota Kuyyaratti barnoota eegale. Sababa
dhukkubaatiin bara 2002 barnoota isaa kutaa 12ffaa addaan kute. Bara 2003 itti
deebi‟uudhaan barnoota isaa kan kutaa 12ffaa xumure. Bara 2004 barnoota isaa sadarkaa
olaanaa Yuunibarsiitii Wallaggaatti gosa barnoota Afaan Oromootiin eegale. Bara 2006
qabxii gaariidhaan eebbifame. Bara 2007 irraa eegalee mana barnoota sadarkaa
lammaffaa Gursumitti barsiisummaadhaan qacaramee barsiisuu eegale. Ganna bara
2007fi 2008 Yuunibarsiitii Haramaayaatti mala baruufi barsiisuu barachuun
dippiloomaadhaan eebbifame. Sanaan booda ogummaa ittiin leenji'een waggaa lamaaf
barsiisaa turee bara 2009 carraa barnoota digirii lammaaffaa sagantaa barnoota gannaatiin
Yuunibarsiitii Haramaayaa barachuu itti fufe. Hadha manaa isaa aadde Moominaa Bunii
Hirphoo wajjiin bultii kan ijaarate amajjii 27, 2010 yoo ta‟u, yeroo ammaa abbaa ilma
tokkooti. Maqaan isaas Rabbirraa Ijaaroo jedhama.
v
GALATA
Duraan dursee Rabbii asiin na gaheef galata galchuun barbaada. Itti aansuun waraqaa
qorannoo kana adeemsa deemamuu qabu eegee akka hojjetamu yeroo garaagaraatti nuffii
tokko malee yaadaafi ogummaa isaaniitiin wixinee irraa kaasee hanga dhuma qorannoo
kanaatti gorsaafi yaadaan kan na wajjiin dhama‟aa turan gorsaa koo Imaanaa Bayyanaa
(PhD)fi gorsaa itti aanaa koo Muhaammad Abdoo (Gargaaraa Pirosooferaa) hedduun
galatoomfadha. Dabalataanis, odeefannoo kennitootaafi hiriyoota koo yeroo isaanii
aarsaa godhanii nuffii tokko malee wanta gaafataman hunda irratti yaada naaf kennan
maraaf galata guddaan qaba. Akkasumas, ofii isaaniitii osoo hinbaratin kan na barsiisan
haadha koo aadde Dharroo Dhaqqaboofi abbaa koo obbo Dammishuu Fatoo rabbiin umrii
keessan naaf haa dheeressu jedha. Dhumarratti, qorannoo kana akka ani yaaddoo tokko
malee hojjadhu waan hundaan nabira dhaabbattee tan na jajjabeessaa turte haadha manaa
koo aaddee Moominaa Bunii Rabbiin waliin umrii nu haa dheeressu jedhaan.
vi
Baafata
Qabiyyee Fuula
Axareera viii
1. SEENSA 1
1.1. Seenduubee Qorannichaa 1
1.2. Ka’uumsa Qorannichaa 3
1.3. Gaaffiilee Bu’uura Qorannichaa 4
1.4. Kaayyoolee Qorannichaa 5
1.4.1. Kaayyoo Gooroo 5
1.4.2. Kaayyoo Gooree 5
1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa 5
1.6. Daangaa Qorannichaa 6
1.7. Danqaalee Qorannichaa 6
1.8. Hiika Jechoota Haaraa 7
2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMINAA 8
2.1 Maalummaa Ogwalaloo 8
2.2 Weelluu Buxxuulaa 9
2.2.1 Faayidaa Weelluu 10
2.2.2 Qabiyyee Weelluu 11
2.3 Yaadiddama Qorannichaa 11
3 MALLEEN QORANNOO 12
3.1 Ibsa Naannoo Qorannichaa 12
3.2 Saxaxa Qorannichaa 14
3.3 Maddoota Ragaalee 14
3.4 Iddattoofi Mala Iddatteessuu 14
3.5 Meeshaalee Funaansa Ragaalee 15
3.5.1 Af-gaaffii 15
3.5.2 Daawwannaa 15
3.5.3 Marii Garee 16
3.6 Mala Xiinxalla Ragaalee 16
3.7 Naamusa Qorannichaa 17
4. DHIHEESSAAFI QAACCEESSA RAGAALEE 18
4.1 Maalummaa Weelluu Buxxuulaa 18
4.2 Qabiyyeewwan Weelluu Buxxuulaa 18
4.2.1 Jiruufii Jireenya Hawaasummaa 19
4.2.2 Hawwii 19
4.2.3 Ayyaan laallattummaa agarsiisuuf 20
4.2.4 Kutannoo 21
4.2.5 Kadhannaa jaalalaa 22
4.2.6 Abdii qabaachuu 24
4.2.7 Jaalala dhoksaa 24
4.2.8 Tuffii 26
4.2.9 Qeequu 28
4.2.10 Cunqursaafi Falmannaa 28
4.3 Faayidaa Weelluun Buxxuulaa Hawaas-diinagdee keessatti qabu 31
4.3.1 Barsiisuuf 31
4.3.3 Gorsuu 32
4.3.5 Abdachiisuuf 33
4.3.6 Hariiroo hawaasummaa cimsuuf 34
4.3.8 Gootomsuuf 35
5. CUUNFAA, ARGANNOOFI YABOO 37
5.1. Cuunfaa 37
5.2. Argannoo 38
5.3. Yaboo 39
WABIILEE 40
vii
AXAREERA
Kaayyoon qorannoo kanaa weelluu buxxuulaa xiinxaluudhaan dhaloota dhufufuuf bifa
barreeffamaatiin olkaahuudha. Mata duree kanarratti qorannoon kun akka gaggeeffamuuf
ka’umsa kan ta’ e, weelluun buxxuulaa afaaniin darbuun ala ragaa barreeffamaan qindaa’e
dhabuufi ammayyummaa sababeeffachuun weelluun buxxuulaa sardakaa duraan jiru irraa gadi
bu’aa adeemuun sadarkaa dagatamuurra ga’uu isaati. Qorannoon kun gosa qorannoo
sanyabsaati. Saxaxni qorannoo kanaa immoo akkamtaadha. Qorannoo kana keessatti qorataan
iddattoowwan qorannoo isaaf mijatu filateera. Kanaanis gosoota iddatteessuu miti carraa
fayyadamuu danda’eera. Gosoota iddatteessuu miti carraa keessaa mala iddatteessuu
akkaayyootti kan gargaarameedha. Meeshaalee funaansa ragaalee keessaa afgaaffii,
daawwannaafi marii gareen hojiirra kan oolame ta’ee odeeffannoowwan meeshaalee kanneeniin
walitti funaanaman mala ibsaan xiinxaalamaniru. Adeemsa xiinxala qorannoo kanaa keessatti
argannoowwan bira ga’aman weelluun buxxuulaa weelluu jaalalaa ta’uu, weelluun buxxuula
dhimmoota akka diinagdeefi hawaasummaa kan ibsu ta’uu. Yoomessi weelluu buxxuulaa kan
hindaangoofne ta’uu, qooda fudhattoonni weelluu buxxuulaa hawaasa hunda keessumaa
dargaggeessaafi dargaggeettii ta’uu, weelluun buxxuulaa yeroo ammaa sadarkaa dagatamurra
gahuun isaa adda baheera. Yaboo qorannoo kanaa keessattis weelluu buxxuulaaf
xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu kaa’ameera.
viii
1
1. SEENSA
Mata duree boqonnaa kanaa jalatti kan dhiyaatan, seenduubee, ka‟uumsa, gaaffiilee
bu‟uuraa, kaayyoo, barbaachisummaa, daangaa, danqaaleefi jechoota haaraa
qorannichaati.
Afoolli ogummaa yookaan beekumsa dhaloota tokko irraa gara dhaloota birootti afaaniin
darbuudha. Hawaasni Oromoo afoola uummatee itti fayyadamaa ture, dhalaa dhalattis
afaaniin dabarsaa dhufeera. Afoolli Oromoos aadaa, seenaa, eenyummaa, safuufi seera,
walumaagalatti bultiifi bultuma/ bulchiinsa Oromoo dhaloota barsiisuuf oola. Afoolli
kunis; oduu durii, hiibboo, geerarsa, tapha ijoollee, sossobbaa daa‟immanii, weedduu
addaa addaa, sirboota, boohicha, ragamtaa, himtee, eebba, abaarsa, nagaha walgaafachuu,
weelluu buxxuulaa, baaroo, koottu-dhufee, guungummiifi kan kana fakkaataniidha.
Isaanis bifa haasawaafi sirbaatiin akkaataa miira sammuu namaa keessatti uumuu
danda‟anitti dhihaatu. Seeneffamoota afoolaa kanneen jedhaman; himtee, ragamtaafi
oduu durii of keessatti qabata (Dundes 1965).
Oromoo Arsii biratti durdurii, hibboo, mammaaksa, hamoommota, faaruu loonii, bahe
bahee, tartaarii, ashoo-aashilaa, geerarsa, sunsuma, nagaha walgaafachuun, eebbi,
abaarsi, koottu dhufeen, ragamtaa, himtee, faaruu gootaa, buuxxuula, sossobbaa
daa‟immanii, tapha ijoollee, faaruu ateetee, sirba hojiifi kkf bay‟inaan jiru.
Buxxuulli weelluudha. Innis weelluu jaalalaati. Weelluu walaloo gababaa akka sirbaatitti
bifa yeedaloo qabuun dhihaatuudha. Innis gadda, gammachuu, jaalalaafi jibba keessa
namatti dhagahame ittiin of keessaa baasanii ibsachuuf fayyada. Akka Ooliyaad
(2010:20) ibsetti, weedduun wallisa nama tokkoofi tokkoo oliin kan sagalee waljalaa
qabuun dhiiraafi dhiira, yookaan dhiiraafi dubara, akkasumas, dubaraafi dubara ta‟anii
taphataniidha. Asirratti weelluun buxxuulaafi weedduun garaagarummaa hinqaban. Isaan
lameenuu walaloo gaggabaaboo yaada waloo sanaa of keessaa qabaniidha. Kunis kan
ibsu weelluun buxxuulaa walaloo bifa muuziqaa qabu kan namni buxxuulu sun waan
keessa isaatti dhagahame ittiin of keessaa baasee ibsuudha. Wanti keessa namaatti
dhagahame miira gaddaafi gammachuu ta‟uu danda‟a.
Isheeteen (2007) Oromoon yoo gammade, gaddi itti dhagahame, jaalate, jibbe, hojii garee
hojjatu, lolaaf bahe, fudhaafi heeruma irratti, guyyaa namni du‟eefi kan kana fakkaatan
irratti miira isatti dhagahame bifa sirbaatiin of keessaa baasee ibsata. Kanaafis walaloo
sirbaa dhimmoota kanneeniif oolu qaba. Fakkeenyaaf guyyaa lolaaf bahan geerarsaafi
sunsuma taphatu, fudhaafi heeruma irratti hamoommota, bahe bahee, tartaarii, ashoo
aashilaafi ee-obbee taphatu. Hojii irratti sirbi daboo jira. Guyyaa ayyaanota adda addaa
sirboonni ayyaanaan walqabatan ni sirbamu. Fakkeenyaaf, ayyaana irreechaa irratti
gabbisayyoofi mareehoo jedhamuudhaan kan sirbamaniidha. Ateeteenis faaruu ateetee
qabdi. Dubartoonni iliilfattee faarfatti. Faaruu kanaan rabbii ishee kadhatti. Namni aares
aarii isaa sirbaan ibsata. Kan jaalate sirboota jaalalaatiin of keessaa baasee ibsata.
Sirboota jaalalaa kanneen keessaa weelluun buxxuulaa isa tokkoodha.
Oromoo Arsii aanaa Qoree birattis weelluun buxxuulaa baay‟inaan buxxuulamaa kan
tureedha. Dargaggeessaafi dargageettiin wantoota sammuu isaanii quuqe ittiin of keessaa
baasanii ibsachuuf fayyadamu. Haa ta‟uu malee, yeroo ammaa kun hafee weelluun
buxxuulaa irraanfatamaa dhufe. Walumaa galatti, akka Oromoo Arsii aanaa Qoreetti itti
3
Weelluu buxxuulaa dabalatee gosti afoolaa afaaniin dhalootaa dhalootatti darbaa ture
iddoo adda addaatti beekamuu dhiisuu danda‟a. Akkuma dhaloonni jijjiiramaa adeemuun
afoola irrattis jijjiiramni dhufaa adeema. Sababni isaas afoolli afaaniin waan darbuuf
jechoonni itti dhimma bahaman keessaa hafuufi itti dabalamuu danda‟u. Kun amaloota
afoolaa keessattis kan jiruudha. Karaa biraatiin immoo afoolli naannoo tokkotti beekamu
bakka biraatti beekamuu dhiisuu danda‟a. Finnegan (2012) qorannoo afoola Afrikaa
irratti taasifteen afoolli barreeffamaan jiru sadarkaan beekkamtii isaa olaanaa yoo ta‟u
kan miti barreeffamaa immoo hedduu kan hinbeekkamneefi hinjajjabeefamne ta‟uu
ibsiteetti. Kunimmoo kan mul‟isu afoolaawwan barreeffamaanii jiran beekkamtii
argachuudhaaf carraa bal‟aa qabu. Kana jechuun qaamni baratee dubbisuu danda‟u hundi
afoola barreeffame sana nidubbisa. Kan miti barreeffamaa immoo hanga namni
seenessutti ofii isaatii of hinibsu. Kanaaf, beekkamtiin isaa kan irra laafaadha.
Muuxannoo dhuunfaa kootii irraa yommuu ka‟u yeroo ijoollummaa keenya dargaggeessi
weelluu buxxuulaa fayyadamuun quuqqaa keessa isaa ibsachaa tureera. Yeroo ammaa
immoo kuni baay‟inaan hinjiru. Kunis dagatamaa dhufuu weelluu buxxuulaa agarsiisa.
Sababni isaas dhaloonni yeroo ammaa sirbuu akka amantiin dhoorguutti waan fudhataniif
sirbuuf fedhii hinqaban. Qalbessaa (2014) Baxter‟s (1974) wabeeffachuun akka ibsetti
Oromoon Arsii keessattuu abbootiin amantii sirboota jaalalaahinjajjabessan. Garuu,
namoonni tokko tokko dhuunfaafi garee namoota lamaa hanga afuriitiin kanneen
gammadanii sirban jiraataniiyyuu abboonni amantii seerri amantii Musliimaa (Shariyaan)
sirbuu waan dhoorkuuf akka sirbi hinjirretti fudhatu. Kunis dhaloonni gara boodaa
weelluu buxxuulaa kana irraanfachaa akka guddatuuf sababa ta‟a. Sababni isaas, maatiin
ijoollee isaanii kan barsiisan sirbuun dhoorkaa (haraama) jechuudhaan.
Qorannoon kun xiinxala weelluu buxxuulaa ta‟uufi Oromoo Arsii irratti xiyyeeffachuun
qorannicha adda taasisa. Walumaagalatti, weelluun buxxuulaa kun Oromoo Arsii qofa
biratti beekamuun, itti fayyadamni weelluu buxxuulaa xiqqaachaa dhufuufi qorannoon
gaggeeffame barreeffamaan jiru dhabamuun weelluu buxxuulaa qorachuuf ka‟uumsa
ta‟eera.
Aadaa hawaasa tokkoo irratti qorannoo gaggeessuun akka abbaan aadaa sanaa
xiyyeeffannoo itti kennuun aadaa isaa sanatti gammadee kunuunfatu taasisa. Kana
malees, hawaasni qorannoon irratti gaggeeffame maal akka fakkaatu kallattii agarsiisa.
Akka waliigalaatti, weelluun buxxuulaa kun walitti funaannamuun xiinxalamee bifa
barreeffamaatiin waan ta‟eef sadarkaa adda addaatti qaamota armaan gadii kanneeniif
nibarbaachisa.
Sirna barnoota afaanii bocuu keessatti afoola jala galchuufi barnoota muuziqaa
keessattis sirboota aadaa jala galchuudhaan barattoonni akka baratanii beekkumsa
aadaa akka horatan ni gargaara.
Ayiidan dhahan
Buxxuula gosa weelluu
Buxxuulaa weellisaa
Buxxuuluu weellisuu
Kobootaa faltii loonii goggoge kan ibiddatti bobeessan
Shuqunaa shoggoruu
Loxxobbaa dheeraa
Hoonfala daadoo/ dugda walfuudhuu/ dabareen waliif hojjachuu
Nadha araada
Nadha baasoo araada baasoo (tan fedha guuttu)
Laagaa sagalee
Badaa ibidda bira
Haatadhu koottu jechuudhaaf harkaan waamuu/yaamuu
Barshe (barshiyyoo) maqaa lafaa (lafa looniin dheedan)
Hoomaa hunda
Kooboo meeshaa migira irraa hodhamu (irboo) nyaata itti nyaatan
Hagicha kutaa manaa isa gara balbalaa/huulaatti aanu (saaloonii)
Dagalee (dagale‟ee) cinaa
Ceekataa maqaa mukaa
Kolaasi sangoomsi
Qanafaa faaya yeroo dubartiin deettu kallacha/addatti kaahattu
Urkoo sodaataa
Boojjii haya ykn biyyee hora irraa haramu kan loon nyaachisan
8
Boqonaa kana jalatti mata dureewwan qorannoo kana waliin walitti dhufan akka
waliigalaafi akka addaatti kan sakatta‟aman ta‟a. Isaanis kanneen akka; maalummaa
ogwalaloo, weelluu buxxuulaa, faayidaa weelluu, qabiyyee weelluufi yaadiddama
qorannichaati.
Jechi ogwalaloo jedhu jechoota Afaan Oromoo lama kanneen ogummaafi walaloo jedhan
irraa walitti dhufuun kan moggaafameedha. Kanaaf ogwalaloon unkaa ogafaanii osoo
sirni bareeffamaa hinbeekamiin dura ergaalee adda addaa dabarsuuf tajaajilaa tureedha.
Ogwalaloon yaada jechoota muraasatti gargaaramuun yaada bal‟aa midhaaksee yookaan
yeedaloo itti tolchee kan dhiheessu. Yaada kanas yommuu dhiheessu jechoota muraasaafi
ergaa bal‟aa dabarsuu danda‟anitti gargaaramuuni. Waloon muuxannoofi muudannoo
namootaafi taatee hawaasa keessatti ta‟ame ilaaluun, odeeffachuun, seenaa irraa
dubbisuudhaan gocha darbeefi kan amma jiru bifa walalootiin qindeessuun kan
dhiheessu. Kana waliin walqabatee Asaffaan (1998:9) waloon Oromoo seenaafi aadaa
irraa yaada maddisiisee akka gurra namaa seenuu danda‟uttii akka dhiheessuu ibseera.
Weelluun buxxuulaa akkuma afoola Oromoo kanneen biroo weelluu bifa af-walalootiin
dhihaatuudha. Innis akkuma weelluuwwan Oromoo biroo akka sirbaatitti dhihaata.
Weelluun akkasii wanta keessa namaatti dhagahame tokko ittiin of keessaa baasanii
ibsuuf humna guddaa qaba. Isheeteen (2007) sirboonni jaalalaa Oromoo Arsii biratti
weelluu Oromoo Machaafi Tuulamaa biratti weedduu akka jedhamu lafa kaaheera. Kana
jechuun weelluufi weedduu jechi jedhu tokko ta‟uu nutti agarsiisa. Weelluun sirba
jaalalaati. Sirba itttiin qaamni waljaalate jaalate lamaan wal faarsuun. Sirbi ittiin
dubartoota faarsan Oromoo Arsii biratti weelluu, Machaafi Tuulama biratti weedduu
akka ta‟edha. Oromoo Arsii (Baale, Gadab, Diida‟aafi Laanganno) biratti weelluun
buxxuulaa dargaggeessaafi dargaggeettii/shamarran biratti hedddu beekama.
Dargaggeessi yommuu aare, jaalate, dinqisiifate, jibbe, busheessuu barbaade, jajeefi
tuffate buxxuuluudhaan of keessaa baasee himata. Roorroo isarra gahes ittiin of keessaa
baasee ibsata. Dargaggeessi iddoo hojiitti (daboo, hoonfala yookaan guuza) yoo waliif
bahan qaxalee ittiin faarsuuf, laafaa ittiin jajjabeessuufi gadhee ittiin arrabsuuf
buxxuulatti gargaarama. Umrii fuudhaafi heerumaa yommuu gahu, yommuu
kophummaan itti dhagahamu, yommuu karaa deeman buxxuulaan miira isaanii ibsatu.
Leila (2016) sirboonni Arsii hedduun walaloo irraa bifa muuziqaatiin kan qindaahaniifi
hirmaannaa gareetiin kan dhihaatan ta‟uu ibsiteetti. Walaloon kunneenis bifa
muuziqaatiin qindaahanii akka miira namaa ofitti harkisuu danda‟anitti kanneen
dhihaataniidha. Weelluun buxxuulaa nama tokko yookaan lama kan sagalee waljalaa
qabuun dhiiraafi dhiira, dhiiraafi dubartii, dubartiifi dubartii ta‟anii taphatamuudha.
10
Sumner (1996) akka ibsetti caasaan walaloo jaalalaa Oromoo mana gala yookaan wal
unata sagalootaa eeguuf kan tajaajiluudha. Barreessitoonni walaloo Oromoos ergaa
walaloo sanaa irra miidhagina walaloo irratti xiyyeeffatu. Kunis kan ibsu sirboonni
jaalalaa/ weelluun buxxuulaa Oromoo xumura walaloowwanii irratti sagaloota wal
unataniifi sararoota walaloo waltarree adeeman kan qabu ta‟uu isaaniiti. As keessatti kan
irratti xiyyeeffatamus hiika walaloo sana osoo hintaane bareedina walaloo sanaati.
Weelluun aadaafii safuu hawaasa tokkoo miidhagsee hawwsa biroof ibsuuf yookan
dabarsuuf humna qaba. Gama biraatiin madda dhuftee saba tokkoo maal akka fakkaataa
ture ibsuu, gama aadaatiin, gama qabeenyaatiin, tajaajilamaa tureefi tajaajilamaa jiru
maal akka fakkaatu calaqisiisuuf, tokkummaafi walitti dhufeenya hawaasni tokko
qabaachaa ture dhaloota itti aanutti dabarsuuf, hacuuccaafi cunqursaa sabni tokko
keessa ture ibsuufi kan kana fakkaatan mul‟isa (Misgaanuu 2011:7173).
Weelluun hojii keenya guyyaa guyyaa keessatti faayidaa guddaa kan qabu ta‟ee fedhii
qabnu kan ittiin ibsannuudha. Hawaasni jireenya gaggeeffatu keessatti dhimmoota akka
hawaasummaa diinagdeefi siyaasaa gama weelluu kanaan ibsachuu nidanda‟a jechuudha.
Kanaaf, faayidaan weelluu; barsiisuu, bashannansiisuu, walitti dhufeenya hawaasummaa
cimsuu, gootomsuu, onnachiisuufi kan kana fakkaataniidha Finnegan (1976).
Weelluun karaa walalootiin darbu haqa uummata gidduu jiru tokko ifa baasuuf akka
meeshaa olaanaatti gargaara. Haqni nuti jennu kunis waa‟ee aadaa, seenaa, duudhaa,
dhuftee, eenyummaafi dinagdee irratti xiyyeeffachuu danda‟a. Kana malees walaloon
gama weelluutiin darbu dhimmoota dhoksaatti nama miidhuu yookaan fayyaduu
danda‟an dhugaa jiruun walqabsiisuun haala keessa namaatti dhaga‟amuun jechoota
filatamootti fayyadamuun ifatti baasuuf humna qaba. Kana jechuunis rakkoo ifatti hin
mul‟anne karaa weelluutiin dhiibbaafi cunqursaa saba tokko irra ture ifatti baasuuf
gargaara. Weelluun aadaafi safuu hawaasa tokkoo miidhagsee hawaasa biroof ibsuuf
yookaan dabarsuuf humna qaba. Gosoota weelluu keessaa weelluun buxxuulaa isa
tokkoodha. Innis tajaajila weelluun kennu hundaa kan kennuudha. Oromoonis karaa
11
weelluutiin dhimmoota adda addaa ibsata. Dhimmoonni kunneen jaalala, jibba, safuu,
qeeqa, quuqqaafi kan kana fakkaatan ta‟uu danda‟u. Yaada kana Finnegan (1970:270)
weelluun dhimmoota yeroon wal qabatan, dhiibbaa siyaasaa, olola adda addaafi yaada
hawaasaa ibsuufi dhiheessuuf gargaara jechuudha. Kana jechuun weelluun faayidaa
baay‟ee qabaachuu isaa muli‟sa.
3 MALLEEN QORANNOO
Mata duree kana jalattiibsa bakka qorannichaa, saxaxa qorannoo, iddattoofi mala
iddatteessuu, meeshaalee funaansa ragaalee, qindoomina qorannichaafi naamusni
qorannichaa dhihaataniiru.
Qorannoon kun Oromoo Arsii aanaa Qoree irratti kan hojjatameedha. Aanaan Qoree
Godina Arsii Lixaatti kan argamtu yoo ta‟u, bara 1998ALI tti Aanaa Kofalee irraa cittee
kan hundoofteedha. Aanaan Qoree gandoota baadiyaa 20fi Bulchiisa Magaalaa 2 kan
qabduudha. Magaalaan guddoo aanichaa Qoree jedhamti. Fageenyi Qoree Finfinnee irraa
km 300 yoo ta‟u, magaalaa Godinaa kan taate magaalaa Shaashamannee irraa km 50
fagaattee argamti. Aanaaleen Qoree daangessan Kaabaan Aanaa Muuneessaa, Kibbaan
Aanaa Kofalee, Kaaba Bahaan Aanaa Leemmuufi Bilbilo, Bahaan Aanaa Gadab
Hasaasaafi Dhihaan Aanaa Nageellee Arsiitiin daangeffamti. Ragaan waajjira bulchiinsa
aanaa Qoreeti
Abreham (2006) (Ketebo 1999) wabeeffachuun akka ibsetti Arsiin hunduu dhaloota
abbaa tokkoo, ilmaan lama jechuunis Mandoofi Sikkoo kan gosa bal‟aa Oromoo Arsii
irraa walhoredha. Kanaaf Mandoofi Sikkoonis horanii bal‟atan jechuudha. Isaanis Torban
Mandoofi Sikkoo Shanan jedhamee beekama. Torban Mandoo Raayyaa, Hawaxxuu,
Kajawa, Waanama, Utaa, Waayyuufi Beeltuu (Harroojjii) yoo ta‟an Shanan Sikkoo immo
Bullaalla, Wacaalee, Jaawwii, Waajifi, Ilaaniidha. Gosoonni kuneen lafa har‟a Godina
Baalee, Baalee Bahaa, Arsii, Arsii Lixaafi gartokkee Shawaa Bahaa keessattuu Aanaa
Adaamii Tulluufi Jiddoo Kombolchaa keessa jiraatu. Aanaa Qoree keessa kan jiraatu irra
jireessaan gosoota Utaa Mandooti (Jemila, 2014), (Abbas, 1995), (Jemal, 2017). Latiinsi
hidda dhaloota Oromoo Arsii akka armaan gadiitti kan caaseffameedha.
13
Arsii
Sikkoo
Mandoo
Bullaall Wucaale Jaa Waaji Illaaniid
aa e wwi ha
Hawaxx Beeltuu
Raayyaa Kajawa Waanama Utaa Waayyuu
uu
Akka Aanaa Qoreetti gosoonni fuudhaafi heerumaa jiran, kadhaa, aseennaa ykn
addabaana, buttaa (duri), beenbetoo, hawiifi dhaala. Yeroo ammaa kana buttaan
dhaabbatee jira. Buttaa irraa kan hafe immoo sadarkaadhaan wal haa calu malee aanicha
keessatti gaggeeffamaa kan jiruudha. Ragaa Waajjira Aadaafi Turiiziimii Aanichaa irraa
argameen Oromoon Arsii aanaa Qoree hunduu amantii musliimaa kan hordofu yommuu
ta‟u, parsantaa 1 kan hincaalle magaalota akka; Qoree, Shireefi Alamganaa jedhaman
keessaa Oromoo Shawaafi sabni Amaaraa amantii Kiristaanaa hordofan nijiru. Oromoon
Arsii aanaa Qoree caasaa wal hooggansaa lama kan qabuudha. Inni tokko caasaa
mootummaa kan ammayyaa kana yoo ta‟u, inni lammaffaan caasaa aadaa isa gosaan wal
hooggananiidha. Inni kun caasaa sirna gadaati. Caasaan kunis shanacha gosaa jalatti kan
hoogganamuudha. Shanachi gosaa kunis gadaa Guutaa Giraaramoo jalatti hooggannamu.
Oromoon Arsii qoree loon horsiisuudhaanis nibeekkama. Loon maalaa, re‟ee, hoolaa,
harree, gaangee, farda, lukkuufi kanniisa horsiisuudhaan beekkama. Gosoonni mukkeen
uumaamaa gurguddoon kanneen akka; heexoo, gaattiraa (hindheessa), biixxannaa,
garanbaa, konbolcha, bulchaanaa, sukkee, tuullaa, mokkoonniisa, birbirsa, gatameefi
anshaan baay‟inaan beekkamu. Laggeen gurguddoon aanaa kana keessatti beekkaman
Anjeelaloo guddaa, Totolaamo, Ashookaa, Anjeelaloo xiqqaafi Gurraachaadha.
Iddoowwan hawata turiizimiitiif oolan kanneen akka bosona gaara duuroo dame leephis,
boolla bubbee, awwala Duuroo, fincaawaa laga leephisiifi kkf (Jemila, 2014).
14
Qorannichi xiinxala weelluu buxxuulaa Oromoo Arsii Aanaa Qoree irratti kan
gaggeeffameedha. Qorannoo kanaaf saxaxni qorannoo akkamtaa dhimma itti bahameera.
Sababni isaas qorannoon kun gosa qorannoo aadaa hawaasaati yookiin akkamtaati. Kana
waan ta‟eef, mala akkamtaan ibsuun barbaachisaadha. Sarantako (2003) akka ibsetti,
dhimmootni qorannoo aadaa tokko yoo ta‟anillee aadaalee hawaasa keessa jiran ibsuu,
addeessuufi qoqqooduun aadaa hawaasa sanaafi haala namootni addunyaa keessa jiraatan
ittiin ibsatan beekuuf qorannoon akkamtaa filatamaadha. Qorataanis hawaasa qorannoo
irratti gaggeessu sana mana isaaniititti bira deemuudhaan, iddoo hojii isaaniititti
akkamitti akka weellisan, eenyutu akka weellisu, tajaajila weelluun buxxuulaa
dhiimmoota hawaasdiinagdee hawaasichaa keessatti qabuufi weelluuwwan buxxuulaa
jiran walitti qabuun xiinxalluu danda‟eera.
Ragaaleen qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa irraa kan argamaniidha. Odeeffannoon
madda ragaa tokkoffaa kan hawaasa Oromoo Arsii Aanaa Qoree irraa argameedha.
Kothari (2004) akka ibsetti odeeffannoon madda ragaa tokkoffaa odeeffannoo qulqulluu
yeroo duraatiif hawaasa keessaa funaannamuudha. Kana jechuun odeeffannoon hawaasa
irraa funaannamu kallattiidhaan qorataafi hawaasni qorannoon irratti gaggeeffamu
walarguun odeeffannoo waliif kennan waan ta‟eef ragaan argamu qabatamaafi
dhugummaa of keessaa qaba. Qorataanis, qaamaan hawaasa Oromoo Arsii Aanaa Qoree
biraa deemuudhaan ragaa funaannachuun qorannoon kun gageeffameera.
Iddattoon hawaasa qorannoon sun irratti gaggeeffamu keessaa namoota bakka bu‟anii
yookaan namoota muraasa hawaasa qorannoon sun irratti adeemsifamu keessaa
filatamaniidha. Qorannoo gaggeessuuf hawaasa qorannoon irratti gaggeeffamu adda
baafachuun daangessuun yookaan iddattoo murtessuun dirqama. Catherine (2002) akka
ibsitetti qorannoo gaggeessuuf namoota qorannoon irratti gaggeeffamu madaalawaafi
15
daangawaa taasisuun hojii sana tohachuuf gargaara. Qorataanis qorannoo kana galmaan
gahuuf iddattoo daangessuu danda‟eera. Qorannichi gosa qorannoo sanyabaa waan ta‟eef,
mala iddattoo miti carraa fayyadamuu danda‟eera. Gosoota mala iddattoo miti carraa
keessaallee iddatteessuu kaayyeffannootti fayyadamuun odeef-kennitoota filachuu
danda‟eera. Dursa irratti gandoota aanichi qabu digdamii lama (22) keessaa gandootni
afur (4) filatamaniiru. Isaanis; Eekkaa Dayyuu, Ketaa Jeemaa, Goofingira Cocaafi
Magaalaa Qoreeti. Gandoota Eekkaa Dayyuu dhiira 6 fi dubartii 5, Ketaa Jeemaa dhiira
2, Goofingira dhiira 3fi magaalaa dhiira 4 walii galatti dhiira 15fi dubartii 5 namoota
digdama (20) irraa ragaa funaannachuun danda‟ameera.
3.5.1 Af-gaaffii
3.5.2 Daawwannaa
Mariin garee meeshaa qorataan hawaasa bira deemuun garee hundeessuun dhimmoota
weelluu buxxuulaan walqabatan irratti odeeffannoo argachuudhaaf itti fayyadameedha.
Louis and et al (2000) mariin garee yoomessa hundeessuun namoota filataman walitti
fiduudhaan dhimma mariidhaaf dhihaate irratti marii taasifamuudha. Kana jechuun
mariin garee yoomessa qindaawaa keessatti namoota marii sanaaf barbaachisan walitti
fiduun dhimma mariif barbaachisu dhiheessuun kan gaggeeffamu ta‟uu isaati.
Qorataanis marii gareetiif namoota jaha filachuun mariin wajjiin kan taasifameedha.
Garee tokko kan namoota jaha dhiira 4fi dubartii 2 qabu wajjiin marii garee akka isaan
gaggeessaniif qabxiilee mariif oolan sadi (3) qopheessuun mariif dhiheessee odeeffannoo
funaannachuu danda‟eera. Mariin kunis Ganda Ekkaa Dayyuu keessatti dhiirota afurifi
dubartoota lama wajjiin gaggeeffameera.
Qorannoon kun gosa qorannoo sanyabaa yoo ta‟u gaaffiilee qorannoo deebisuuf mala
xiinxala ibsaa fayyadamuudhaan dhimma kan itti baheedha. Akka Creswell (2013) ibsetti
qorataan odeeffannoo walitti qabate ibsa bal‟aafi hiika mataa isaa bifa ifaa ta‟een kaahuu
qaba. Ragaaleen qorannoo kanaaf kallattii afgaaffii, daawwannaafi marii gareetiin
argaman yaadota ijootti qoqqooduun ibsamaniiru. Isaanis dursa bifa barreeffamaatiin
17
walitti qabamaniiru. Sana booda akkaataa isaan walitti dhihaataniin walitti fiduun bifa
himaatiin barreeffamaniiru. Sadaffaa, himoota sanneen keeyyataatti jijjiiruudhaan ibsi itti
kennameeera. Walaloon weelluu buxxuulaa walitti qabamanis qabiyyeetti addaan
qoqqoodamanii ibsamaniiru. Xumura irratti mata duree walfakkaatu walitti fiduudhaan
mala akkamtaatti gargaaramuun xiinxaluun ibsa bal‟aa itti kennuun kan barreesseedha.
Boqonnnaan kun iddoo itti gaaffiileen bu‟uuraa qorannoo kanaa deebii argataniidha.
Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf ragaaleen gama afgaaffii, daawwannaafi marii
gareetiin ragaa kennitoota irraa argaman gara barreeffamaatti jijjiiruufi qoqooduun hiikni
adda addaa bakka itti kennameedha. Kaayyoofi gaaffiilee bu‟uuraa qorannoo kanaa
xiyyeeffannoo keessa galchuudhaan dhimmoota akkaataa isaan walfakkaataniin mata
duree mata dureetti qooduun ragaalee gadi fageenyaan xiinxaluuun mata dureewwan
gooroofi gooree adda addaa jalatti kan dhiyaateedha.
Weelluun buxxuulaa gosa weelluu jaalalaati. Weelluun buxxuulaa kun Oromoo Arsiifi
Baaleetti kan sirbamuudha. Dargaggeessaafi dargaggeettiin weelluu buxxuulaa kanatti
fayyadamuudhaan ergaalee adda addaa waliif dabarsu. Keessattuu miira isaanitti
dhagahame wanti isaan ittiin of keessaa baasanii ibsataniin weelluu buxxuulaa kanatti
dhimma bahuudhaan. Weelluun buxxuulaafi sirboonni hedduun walitti dhufeenya qabu.
Haata‟u malee, weelluun buxxuulaafi sirbi guutumaan guututti bakka walii bu‟uu
hindanda‟an. Sirbi qabiyyeedhaan baay‟ee bal‟aadha.
Weelluun buxxuulaa, miira namatti dhagahame tokko ittiin of keessaa baasanii ibsachuuf
dhuka kan qabuudha. Miirri namatti dhagahamu kunis; gaddaafi gammachuu, jaalalaafi
jibba, gabrummaafi bilisummaa, beelaafi dheebuu, hiyyummaafi durummaa, milkaahuufi
hoongahuufi kan kana fakkaatan ta‟uu danda‟a. Oromoon Arsiillee miiraa keessa isaatti
uumame weelluu buxxuulaa kana buxxuuluudhaan of keessaa gadi baasee; dinqisiifata,
balaaleffata, jaalala ibsa, qeeqee gorsa, jibba agarsiisa yookaan gammadee kolfa
jechuudha.
Dhalli namaa akkuma uumama biroo jiruufi jireenya hawaasummaa jiraata. Jiruufi
jireenya hawaasummaa gaggeeffatu kana keessatti bu‟aa bahii jiruufi jireenyaa adda
addaa dhandhamachaa jiraata. Bu‟aa bahii jiruufi jireenyaa keessatti gaddaafi
gammachuu isa muudate hundaa weelluu buxxuulaa kanatti gargaaramuudhaan of
keessaa baasee ibsata.
Fakkeenya 1
Weelluu buxxuulaa kana keessatti „akka waliin taanetu nallee mararee‟ jedhee kan jiru,
dargaggeessaafi dargaggeettiin jiruufi jireenya jaalalaa waliin dabarsan keessatti mi‟aa
jaalalaa adda addaa waldhandhamsiisu. Turtiin waliin dabrsan baay‟ee kan itti
dhagahamu, kan miira walii isaanii keessatti uumufi yaachisu ta‟uu isaa ibsa.
Dabalataanis, jaalalli inni isheedhaaf qabu baay‟ee olaanaa ta‟uu mul‟isa.
4.2.2 Hawwii
Ilmi namaa jiruufi jireenya isaa keessatti bu‟aa bahii adda addaa keessa darba. Bu‟aa
bahii kana keessatti jireenyaan badhaadhee fedhii isaa guuttachuu hawwa. Garuu, fedhiifi
hawwiin dhala namaa daangaa kan hinqabne ta‟us akka dhalli namaa fedhiifi hawwii
20
qabu hundaa bira hingeenye qabeenyi daangessuu danda‟eera. Inni biraa dargaggeessi
yommuu shamarree takka jaalate hawwii qabuuf bifa weelluutiin of keessaa baasee
ibsata. Weelluun buxxuulaa armaan gadii kunis dargaggeessa shamarree jaalateef
weellisuun kan weellifameedha.
Fakkeenya 2
Abbaan xalaaqoo,
Duurorra oofaa jabbii
Magaala lookoo,
Sanaaf na taati qalbiin
Jiruufi jireenya keessatti haalaafi amalli dhala namaa tokkoo miti. Inni tokko dhugaa
dubbata. Tokko immoo fakkeessee jiraachuu barbaada. Isaan biroo immoo haala
ilaaluudhaan haala sana fakkaatanii jiraatu. Warreen akkasii sunneen isaan ayyaan
laallattoo ta‟aniidha. Yommuu si bira jiraatan si faarsu. Si biraa fagaannaan immoo si
abaaruun nama bira jiraatan sana faarsu. Dargaggeessi shamarree akka kanaan jirattu
yommuu itti dhaqqabu bifa weelluu buxxuulaatiin itti hima. Akka isheen yommuu isa
21
bira jirtu isa faarsitee yommuu iddoo biroo jirtu oduu isaatuu hinqabne agarsiisuudhaan
weellisa.
Fakkeenya 3
Boora tiyyaa,
Tan akka killee sinbiraa
Biyyee na haa nyaattu,
Jetta yoo na biraa
Walaloon kun immoo kan jedhameen dargaggeessa. Innis jaalallee isaa faarsaati hanqina
isheen qadus itti himutti jira. Ayyaan laallattuu ta‟uu ishee agarsiisa. “Boora tiyya tan
akka killee sinbiraa” yommuu jedhu killee sinbiraafi ishee bakka walii buusuun faarsutti
kan jiruudha. Gama biraatiin yommuu “biyyeen na haa nyaattu jetta yoo na biraa” jedhu
immoo jaalalleen isaa tun isaa bira yeroo jirtu kan isaan dhaadattu, hedduu jaalattu ta‟uu
isheeti. Garuu, yeroo isa bira hinjirretti faallaa sanaati. Yeroodhuma isa biraa qofa akka
isheen isa faarsitu dhoksaan itti himutti jira. Yeroo isaa wajjiin jirtu isaan dhaadataa isaan
kakatti. Iddoo birootti immoo quba isa hinqabdu jechuudha.
4.2.4 Kutannoo
Namni hojii tokko hojjachuuf yookaan yaadaafi ilaalcha qabu tokko galmaan gahuuf
kutannoo qabaachuu qaba. Kutannoo qabaachuu isaa namoota birootti gochaafi jechaan
agarsiisa. Dargaggeessi Oromoos jaalallee isaatiif yommuu ijjannoo isaa ibsu kutataa
ta‟uu isaa weelluudhaan ibsachuu danda‟a.
Fakkeenya 4
Asallafuun hodhitee
Masooba cufaa
Yoo du‟ellee,
Lafa jala loohaa dhufaa
kanaan faarsu sanaaf jaalala guddaa waan qabuuf, jiruufi jireenya addunyaa kana irratti
addaan hinbaanu, inumaayyuu aakirattis guyyaa du‟ee awwaalame lafa jalaan sitti dhufa.
Ani siin wal dhabuu hinfedhu yaada jedhu of keessaa qaba.
Fakkeenya 5
Dukkana deemaa,
Barbaacha leexaa intalaa
Gorora kee naa ergi,
Yaa haadha falaa
Akka ragaa kennaan jedhutti weelluun kun dargaggeessaan kan weellifamuudha. Innis
dargaggeessi yeroo baay‟ee jaalallee isaa wajjiin kolfee taphatuu yommuu barbaadu
dhoksaan ta‟uu agarsiisa. Akka walaloo kanaatti, intalti inni barbaadu sun bareedduu
dheertuudha. Ammas rakkoo gama hundaan jaalallee ishee irra gahuuf fala nikeetti
jechuudha. Haadha furmaataati. Innis kanumaaf, kan haadha falaa jedhee ishee faarsuuf.
Fakkeenya 6
Badaa bunaa tiyya bunni kee na qabee
Badaa bunaa tiyya bunni kee na qabee
Qaataa silkii dawwalaa dhufuu dadhabee
23
odeeffannoo kennitoonni yommuu ragaa kennan walaloon weelluu buxxuulaa kun kan
weelliffameen dargaggeessaan jechuudha. Dargaggeessi tokko jaalala michuu isaatiin
qabamee yoo jiraate weelluu buxxuulaa kanaan michuu isaa sanatti miira isaa ibsata.
„Badaa bunaa tiyya bunni kee na qabee‟ jechuun isaa bada jaalallee tiyya jaalalli kee na
qabee jechuu isaati. Dabalataanis, asirraa wanti hubatamu namani kun michuu isaa
sanarraa fagaatee yoo jiraate, addaan fageenyi yoo daangesse, rakkoon biroo kan akka
isaan walitti dhufanii wal argan isaan dhoorgu yoo jiraate waliif bilbilanii yaada akka
waliif ibsan ta‟uu isaaniillee xiinxaluu nidanda‟ama. „Qaataa silkii dawwalaa dhufuu
dadhabee‟ jechuun isaallee yeroo turaa irraa bilbiluma qofaa bilbila malee dhufuun naaf
hinmijanne jechuu isaati. Akka walii galaatti jaalalli michuu isaa sanaaf qabu jiraachuufi
walitti dhufanii walarguun yoo hindanda‟amneef kallattii weelluu buxxuulaa kanaan
ergaa dabarfachuu akka danda‟an dubbatu.
Fakkeenya 7
Anaa shaggarii galuu,
Shaggaritti kooraa fannisanii
Silaa si wajjiin rafaa,
Ijoolee si jala raffisaanii
Ijoolleen hindubbaattuu,
Shurrubbaa lash gootee,
Na hindhungattuu
Namni abdii kutu hinmilkaahu. Kan milkaahu immoo dafee abdii hinkutatu.
Dargaggeessi Oromoo shamarree takka jaalatee yommuu isheen isaaf eeyyamamuu
diddus abdii irraa hinkutu. Abdii kutachuu dhabuu isaa bifa weelluutiin of keessaa baasee
ibsata. Kanumaaf “kan Oromoon reeffa firaa torba garagalchu” jedhuufis. Innis isheen
jibbitus abdii irraa hinkutanne jechuudha.
Fakkeenya 8
Hantuutni muka hinkoruu
Yaa hantuuta baalee muka korii
Garaallee na jibbitu
Deebisaa afaanii natti tolii
Fakkeenya 9
Aabba „naggaaddee‟ horii
„naggaaddee‟ horii
25
Weelluun buxxuulaa kun shamaraan kan jedhamuudha. Innis yommuu shamarreen sun
dargaggeessa jaalatte tokko mana warraatti waamtu agarsiisa. Isheenis gurbaa kana warra
ishee dhoksitee akka jaalattutu asi keessatti mul‟ata. Abbaan koo daldalaa horii waan
ta‟eef qe‟ee hin jiranii damma nyaattaa koottuu mana keenyatti maqi jettiin. Dammi
immoo jaalala. Jaalala dhandhamattaa, jaalala siif kennaa koottu jechuu isheeti. Kanarraa
wanti hubatamu dargaggeessaafi dargaggeettiin hanga wal hinfuudhinitti dhoksaadhaan
waljaalachuu isaaniiti.
Fakkeenya 10
Ani hinrafuu
Sanbaleexa naa hinafinii
Yoo tiyya taatee
Koo na biraa hinhafinii
Weelluun buxxuulaa kun dhiiraan kan weellifameedha. Innis iddoo shamarreen gurbaa
jaalate sanaaf iddoo inni ciisu tolchuufitti jirtutti weellifame. Iddoo shamarreen jaalallee
isheetiif dhangaa jaalalaa kennuufitti jirtutti weellifame. Walaloo weelluu buxxuulaa
kana irraa wanti hubannu shamarreen akka jaalalleen ishee sun ishee bira turu barbaaddi.
Sanaaf, iddoo inni bira taa‟ee yaada wal bahan mijeessutti jirti. Inni garuu, iddoo sana
taa‟uu hinfeene. Ishee fudhatee iddoo biroottiin deemuu barbaada. “Ani hinrafuu
sanbaleexa naa hinafinii, yoo tiyya taate koo na biraa hinhafinii” jedha. Iddoo kanatti
dhangaa jaalalaa dhandhamachuu hinfedhuu, kanaaf yoo tiyya ta‟uun kee sirrii ta‟e ka‟i
haa deemnu. Bakka biraatti jijjiirachuu barbaadeeti ta‟a. Sanbaleexa jechuun gosa
margaati. Akka walaloo weelluu buxxuulaa kanatti sanbaleexa dhangaa jaalalaa yokan
kennaa jaalalaati jechuudha.
Fakkeenya 11
Gufuun na dhooftee
Eebade qeensa kiyyaa
26
Irra na laaltaa
Gubate keessi kiyyaa
Dargaggeessaafi dargaggeettiin iddoo walitti dhufanitti yoo yaadaan walii galuu didan
buxxuulaan walqeequ. Kana jechuun qaama qeequu barbaadan sanaaf sadarkaa gadi
bu‟aa kennuudha. Dargaggeessi tokko shamarree taate sadarkaa ishee gadi buusee ibsuu
yoo barbaade hir‟ina isheen qabdu irraa ka‟uudhaan bifa weelluu buxxuulaa kanaan
tuffachuu isaa ibsata. Fakkeenyaaf, intala dabbasaan ishee gabaabaa yoo arrabsuu
barbaade haasawa idileetiin dabbasaan kee gabaabaa yookaan dheeraa miti jedhee itti
hindubbatu. Yoo kallattiidhumaan haasawa idileetti fayyadamee arrabse walitti bu‟iinsatu
dhufa jechuudha. Walitti bu‟iinsa sana hanbisuudhaaf alkallattiidhaan weelluu buxxuulaa
kanaan ergaa dabarfata jechuudha. Yommuu kana taasise namni isa gaafatu hinjiru.
Sababni isaas weelluun buxxuulaa gosa afoolaa waan ta‟eef afoolli kan hawaasa bal‟aati.
4.2.8 Tuffii
Fakkeenya 12
Abaatan Abaatumaa
Kan fardarra taa‟ee qawwee dhahuu
27
Walaloon weelluu buxxuulaa kun nama maqaan isaa abaataa jedhamuun kan weellifame
fakkaata. Abaataan kunis ofii isaatii sadarkaa guddaa ofii kennuu isaattu mul‟ata.
Fardarratti qawwee dhukaasuu akka danda‟u ofi ibsa. Intalti inni weelluu kanaan ergaa
itti himutti jiru nama umriidhaan bubbule jaalattee akka jirtu ibsa. Kanaanis kan isheen
jaalattee jirtu jaarsa, kan gororri irra yaa‟u, kan gorora qabatee hindandeenye ta‟uu isaa
ibsa. Innis ofii isaatii dargaggeessa of taasisuun kan isheen jaalatte jaarsa dadhabaa
gorora qabachuu hindandeenyeetti gadi buusuudhaan ibsutti kan jiruudha.
Fakkeenya 13
Buxxuula beetta,
Buxxuula beettaa mitii
Galii qixxaa nyaadhu,
Waa na geettaa mitii
Fakkeenya 14
Buxxuula yoo jedhan,
Maratuu taphataa
Gogaa harreen,
Qorgite fakkaata mataan
28
4.2.9 Qeequu
Yeroo baay‟ee qaamni lama kan waliif faallaa ta‟e, kan ilaalcha adda addaa qabu, kan
walitti hinaafu, kan walmormu ofii isaatii caalee argamuuf, kaayyoofi fedhii isaa qofa
guuttachuuf walqeeqa. Maqaa walitti moggaasa. Waltuffata. Yommuu kana afoola
keessaa buxxuulatti fayyadamee yemmuu qeequ akka armaan gadii kana fakkaata.
Fakkeenya 15
Kan farda leenjisu,
Ol butee gadi butee
Nu durba seenaa,
Ishee sholqaan kukkutee
Weelluun buxxuulaa kunis kan weellifameen dhiiraan. Innis shamarree durbummaa qabdi
jedhee tilmaamu guyyaa qabatamaan akka durbummaa hinqabne hubatu ittiin qeeqa.
Dargaggeessi kunis “nu durba seenaa ishee sholqaan kukkute” jechuun weellisa. Kana
jechuun inni kun shamarree tokko durbummaa qabdi yaada jedhutti amana ture.
Durbummaa qabdi jedhee jaalate. Guyyaa durbummaa dhabuu ishee kana baru “nu durba
seenaa ishee sholqaan kukkute” jedheeni durbummaa dhabuu ishee sana qeeqa. Ani
durbummaa qabdi se‟ee garuu, isheen sagaagaltuudha. Salqunnamtii irra deddeebitee
raawwachaa kan turte ta‟uu ishee ibsa jechuudha.
Oromoo Arsii aanaa Qoree dhiibbaa kana gama weelluu buxxuulaatiin of keessaa baasee
ibsata. Akka fakkeenyaatti dhiibbaa bara mootummoota absiiniyaafi bara mootota
dhiheenyaa kana irra gahaa ture ibsachuudhaaf yommuu weellisan akkana jedhu;
Fakkeenya 16
Ashalamoon,
Hallayyaa dabaaf qotamtee
Ammas nu hindhiifnee
Bari jarattiin nuuf gamete
Walaloon weelluu buxxuulaa kun dhiibbaa yookaan cunqursaa hawaasa Oromoo irra
gahaa ture ibsuu kan yaaluudha. Ashalamoon hallayyaadha. Magaalaa Nageellee Arsii
keessatti argamti. Boolla baay‟ee gadi fagoodha. Akka yaada odeef-kennitootaatti
hallayyaan kun bara Mootummaa Minilik qotamte. Sababni boolli kun qotameefis
ummata Oromoo Arsii achitti fixuudhaaf jedhama. Oromoo Arsii erga ajjeesanii booda
hallayyaa sanatti darbatamaa ture yaada jedhutu jira. Bara sana keessa gocha
suukaneessatu Oromoo irra gahaa ture. Kanaaf, kan hallayyaa dabaaf qotamte
jedhameefis.
Walaloo weelluu buxxuulaa kana keessatti sarari 3ffaan „ammas nu hindhiifnee‟ jedha.
Innis kan ibsu dhiibbaan bara mootummaa Minilik nurratti raawwatamaa ture ammas
nurraa hindhaabbanne yaada jedhu of keessaa qaba. Bara sana Oromoon ajjeefamaa ture.
Ammas ajjeefamutti jira. Erga ajjeesanii booda reeffi ilmaan Oromoo hallayyatti
darbatamaara. Gochi suukaneessaan bara sanaa nurraa hindhaabbanne. Walaloon sarara
4ffaa irra jiru „bari jarattiin nuuf gamte‟ jedha. Akka warreen odeeffannoo kennan
jedhanitti jarattiin sanyii Minilik. Ilmaan Abashaati. Nuuf gamte jechuun ammas nu
dadhabsiifte. Miidhaa keenya ittuma fuufutti jirti. Kanaaf, ragaa ajjeefamuu aartistootaafi
ilmaan Oromoo biroo kaasu
Fakkeenya 17
Leenjisoo Diigaa goota Arsiin guddisee
Leenjisoo Diigaa goota Arsiin guddisee
Waaroo salphinaa Minilikiin uffisee
30
Walaloon kun kan weellifame bara waraanni Oromoo Arsiifi mooticha Abashaa
minilikiin giddutti taasifamee boodaadha. Innis gootummaa Leenjisoo Diigaa isa guyyaa
waraana Minilikii wajjiin wal lolan gahuumsa cimaa agarsiise achi keessaan ibsuuf kan
weellifameedha. Leenjisoon minilikiin wal loluudhaan waraana minilik cabsee ture.
Guyyaa sana Minilikiin ari‟ee laga Awaash gama baasee koofiyyaa inni matatti godhatu
gachisiise jedhu ragaa kennitoonni. Kanumaaf kan „waaroo salphinaa Minilikiin uwwise‟
jedhameefis. Kana jechuun waraana sana irratti Minilikiin qaanfachiise jechuudha.
Fakkeenya 18
Barzaafii shaggaar qaarree
Takka muranii takka seeranii
Shittoo morma kee jalaa
Ni‟ulatan moo jala seenaanii?
Weelluun walaloo sarara 3ffaa fi 4ffaa irra jiru immoo weelluu jaalala fakkaata. Innis miti
„shittoo morma kee jalaa ni ulatan moo jala seenanii‟ jedha. Kunis bareeddina magaalaa
Finfinnee shamarree urgooftuudhaan bakka buusee ibsuudha malee dhugumaan
shamarree jaalateef weellisaa hinjiru. Garuu, nama ergaa weelluun buxxuulaa dabarsu
31
Weelluun buxxuulaa gosoota afoolaa keessaa isa tokkoodha. Innis sarara muraasaan
yaada balaafi gadi fagoo ibsuuf kan gargaaruudha. Kana malees, bifa miireffannaa
qabuun dubbii haala hin irraanfatamneen kan namatti himuudha. Weelluun buxxuulaa
eenyummaafi sadarkaa qaroomina hawaasaa ibsa. Sonaafi safuu hawaasa sanaa dhalootaa
dhalootatti dabarsa. Hariiroo namoonni dhuunfaafi akka walii galaatti qaban, akkasumas
hariiroo hawaasni tokko hawaasa biroo waliin qabu maal akka fakkaatu agarsiisa. Akka
odeefkennitoonni Hajjii Kadiiriifi Fayyisoo Dimmaa jedhanitti Yaadniifi tajaajilli
weelluu buxxuulaa baay‟ee bal‟aadha. Fakkeenyaaf, hawaasa biratti safuufi kabaja
hawaasni walii qabu ibsuudhaaf yommuu weelluu buxxuulaatti dhimmi bahan akka
armaan gadii kanatti ilaaluu dandeenya.
4.3.1 Barsiisuuf
Fakkeenya 19
Ani hinbuxxuuluu
Mana soddaatii jiraa
Ani „fireendii‟ hinqabuu
Maraanuu firaa
32
Walaloo buxxuulaa armaan olii kana irraa wanti hubatamuu danda‟u safuun hawaasaa isa
keessaan himamaa akka jiruudha. Kana jechuun soddaafi soddaatiin waliif safuudha.
Kabaja guddaa waliif qabu. Kanumaaf kan Oromoon yoo mammaaku “soddaan
sodaadha” jedhuuf. Gurbaan warra soddaa dhaqeeti akka arge hinta‟u, gocha hojjatamuu
qabu qofaa hojjachuu qaba. Mana warra soddaatti hinweellisu jechuudha. Walaloon
sarara 2ffaa fi 3ffaa kan ibsanis kanuma jechuudha. Mana warra intalaatti namni jiru
hunduu isaaf qixa jechuudha. Inni addatti jibbuufi addatti jaalatu hinjiru. Kan arrabsuufi
kan faarsu hinjiru. Hunduu isaaf fira waan ta‟aniif kabaja waliif qabna yaada jedhu of
keessa akka qabuudha.
4.3.2 Gorsuuf
Fakkeenya 20
Akkasillee hinjedhin,
Akkasiin hinmaluu
Rabbiin nu haa baasu,
Dubaraaf walloluu
Walaloon weelluu buxxuulaa kun dargaggeessaan kan weellifameedha. Dhiirota
qofaadhaan. Akka odeefkennitoonni jedhanitti, dargaggeeyyiin jaalalaaf shamarree takka
irratti yommuu walitti bu‟antu mul‟ata. Kunis anatu jaalataa irratti yeroon wal dhaban
nimul‟ata. Yeroo sanatti walarrabsuun, wal loluun dhufuu mala. Isaan lamaan keessaa
kan rabbiin beeksise isa lammaffaatiin, yoo inni dubbii hamaa dubbachuu eegale, dhiisi
33
badaa hindubbatin, nuti dubraaf wal dhabuu hinqabnu. Rabbiin nutti hinfidin waan wal
nu lolchiisaa jechuun isa lamaffaa sana hubachiisa jechuudha.
4.3.3 Abdachiisuuf
Abdiin dhala namaaf barbaachisaa akka ta‟e, sabni kun afoola isaatiin mirkaneessa.
Abdachiisuun nama hojii tokko hojjachuu barbaadeefi hojjachaa jiru tokko akka inni
hamilee horatee sodaa malee raawwatu jajjabeessuuf weelluu buxxuulaa gargaaramuun
kan danda‟amuudha.
Fakkeenya 21
Loomiin bilchaatee,
Shonkoora nyaachuu wayyaa
Takkaa maqaan nu bade,
Jabaachuu wayyaa
Walaloon weelluu buxxuulaa armaan olii kun dargaggeessaafi dargaggeettiin kan
weellifameedha. „Loomiin bilchaatee shonkoora nyaachuu wayyaa,‟ jedhame. Loomiin
hanga hinbilchaatinitti nidhangaggaaha. Nama guba. Erga bilchaatee booda hanga
dhangaggaahummaan isaa sun nixiqqaata. Haa ta‟uu kan mi‟aawu shonkoora waan
ta‟eef isa haa nyaannuu yaada jedhu of keessaa qaba. Dabalataanis, „Takkaa maqaan nu
bade jabaachuu wayyaa‟ jedha. Kana jechuun isaallee jelqaba irratti gurbaafi intalti
takka yommuu waljaalachuu eegalan dhiibbaan jiraachuu ibsuudhaaf. Abbaa, haadhaa,
obboleeyyaniifi firoottan intala yookaan gurbaa sanaa akka isaan wal hinjaalanne
dhoorkuu danda‟u. Kanaaf jecha qaamota kanneen dhokachuun jaalala eegalu. Hanga
wal jaalalli isaanii kun olbahee mul‟atutti dhokfachuuf hedduu dhama‟u. Dhamaatiin
isaan taasisan sun akka dhangaggaa loomii sanatti fudhatama. Guyyaa wal jaalachuun
isaanii kun olbahee mul‟ate, maatiin isaafi isheellee beekan sodaafi saalfii tokko malee
jaalala dhandhamachuu eegalan yookaan wal jaalachuu isaanii sana qaamni hundi
beeke akka mi‟aa shonkooratti fudhachuun wal onnachiisu. Erga akka wal jaalannu nu
beekan ta‟e, erga akka wal jaalannu beekanii nurratti odeessuu eegalanii sodaachuu
hinqabnu. Jaalala keenya itti haa fuufnuu jabaadhu yaada jedhu dabarfachuudhaaf
weelluu buxxuulaa kanaan wal jajjabeessu.
34
Fakkeenya 22
Tiyya shurraabii,
Tiyya shurraabii qomaa
Oduu namaatiif,
Jettee hinsodaatin womaa
Weelluun buxxuulaa kunis warreen wal jaalate lameen giddutti kan weellifamuudha.
Innis wal jaalachuu isaanii kana irratti hinaaffaa qaban, kan isaan gargar baasuuf yaalu,
kan isaan giddutti hammeenya uumee addaan isaan baasuu yaalu jiraachuu isaa
beekanii yoo jedhan oduu sana akka hindhageenye jajjabeesuudhaaf „tiyya shurraabii
tiyya shurraabii qomaa‟ jedhee weellisa. Shurraabiin qomaa uffata mudhii olitti
uffatamu keessaa kan qaamatti aanfataniidha. Dargaggeessichi michuu isaa sanaaf
weellisus ishee akka shurraabii qomaa sanatti ofitti akka aanfatu ibsaaf. Ani namoota
hunda keessaa si jaaladha. Yeroo hundaa onnee tiyya keessa jirta. Qoma yookaan
laphee kiyyarraa hinbuutu jechuudha. Dabalataanis, „oduu namaatiif jettee hinsodaatin
womaa‟ jedha. Kana jechuunis, namni waan fedhe odeessuu danda‟a. shakkii hintaane
si keessatti uumanis bakka hinkennin. Walumaa galatti, weelluun buxxuulaa kun
dargaggeessichi michuu isaa sana sirritti akka jaalatuufi namoonni biroo immoo isaan
addaan baasuuf olola hintaane oofaa jiraachuu isaanii ibsuun akka isheen sodaa
hawaasni isaan irratti oofu sana keessaa baasee onnachiisa.
4.3.4 Hariiroo hawaasummaa cimsuuf
Fakkeenya 23
Lukkuun iyyee,
Kan warra abbaa Moominaa
Boru buxxuula qabnaa
Nurraa hinoolinaa
35
Inni kun kan nutti agarsiisu Oromoon guyyaa qophii qabu waamicha waliif taasisa. Wal
afeeree qophii sana waliin qoodata. Qophii sana waliin qoodachuun isaaniillee hariiroo
hawaasuummaa cimsa jechuudha. Akka weelluu buxxuulaa kanattis “boru buxxuula
qabnaa nurraa hinoolinaa” jechuun isaa jila ta‟e qabna hinhafinaa gammachuun nu
wajjiin qooddadhaa jechuu isaati. Qophii qabnu kana keessatti hirmaadhaa jechuu isaati.
Qophiin sun fuudhaafi heeruma ta‟uu danda‟a. Eebba adda addaafi guyyaa ayyaanota
hawaasaa adda addaa ta‟uu danda‟a. Gammachuun keenya keessanii nu waliin qoodadhaa
yaada jedhu dabarsuu barbaadeeti.
Fakkeenya 24
Atuu shurraabaa,
Shurraaba hinbaafatinii
Na dhukkubaa
Maaf dhuftee na hingaafatinii?
Akka weelluu buxxuulaa kanatti weellisaan nama dhukkubsatuudha. Innis “atuu
shurraabaa shurraba hinbaafatinii na dhukkubaa maaf dhuftee na hingaafatinii” jedha.
Kana jechuun isheen faarfamutti jirtu sun nama gaarii ta‟uu ishee. Waan akka
shurraabaatti ofitti maxxanfataniidha. Ofirraa fageessuun hintaatu. Haa ta‟uu malee,
hanga isa dhukkube gaafattee waan hinjirreef komachuu hinoolle. Osoo akka isheen
dhukkuba irratti isa gaafachuu dhiifte ta‟ee silaa hariiroon isaanii addaan cita ture. Garuu,
furmaanni hinjiru. Akka shurraaba isaatti ofitti aansa waan ta‟eef wamaa gochuu akka
hindandeenye kan agarsiisuudha. Asi keessatti wanti hubatamu hawaasni guyyaa rakkoo
akka walbira dhaabbatu, dhukkuba irratti dhufee akka walgaafatu, gaddaafi gammachuu
hunda akka wajjiin hirmaatutu asi keessaan mul‟ata.
4.3.5 Gootomsuf
Akka hawaasa Oromoo Arsii aanaa Qoreetti namni waan gaarii hojjate nijaalatama.
Hawaasa biratti fudhatamummaa guddaa qaba. Kan dhiibbaafi dhiittaa saba isaa irra gahu
morme onnee hawaasaa keessa seena. Inni sun goota. Gootni nifaarfama. Fakkeenyaaf;
36
Fakkeenya 25
Magaalahoo,
Ilma Arsii yaa mataa goototaa
Hasaaseetiin,
Qilleensatuu waa‟ee kee dubbataa
Weelluun buxxuulaa kun yeroo ammaa gara sirbaatti jijjiiramuudhaan kaassettaan gurra
hawaasaallee gahee jira. Weelluu buxxuulaa kana keessatti, gootatu faarfamutti jira. Bifa
isaa waamuudhaan „magaala hoo ilma Arsii yaa mataa goototaa‟ jechuun faarfamutti jira.
Magaalli bifa isaati. Yaa mataa goototaa jechuun immoo dursaa gootota jiraniiti jechuudha.
Walaloo buxxuulaa sarara 3ffaafi 4ffaa irratti immoo „hasaaseetiin qilleensatuu waa‟eee kee
dubbata‟ jechuun immoo waa‟een gooticha kanaa hedduu odeeffama. Goota beekkamaa
ta‟uu isaati.
Fakkeenya 26
Marsii moohii,
Gaara maraa situ itti beeka maree
Waaqoon ammaa,
Moohe sumaa qeerrotatuu si baree
Weelluu buxxuulaa kana keessattis, olaantummaa gootaattu ibsamutti jira. Kallattii
hundaanuu injifadhu irra aani. Ati beekaadha, rakkoo hundaa fala kaahuu dandeetta waan
ta‟eef furmaata kenni. Dabalataanis, ati goota akka Waaqoo Guutuu isa yeroo ammaati.
Akkas ta‟uu kee qeerroon ragaa siif bahu. Kanaaf, ati goota cimaadha. Rakkoo hundaaf
furmaata kennuu dandeetta waan ta‟eef kallattii hundaanuu injifadhu jechuudha.
37
5.1. Cuunfaa
Qorannoon kun mata duree xiinxala weelluu buxxuulaa Oromoo Arsii aanaa Qoree jedhu
irratti kan adeemsifameedha. Kaayyoon qorannoo kanaa weelluu buxxuulaa xiinxaluun
barreeffamatti jijjiiruun dhaloota dhufuuf ol kaa‟uudha. Qorannoo kana galmaan ga‟uuf
malleen qorannoo jiran keessaa mala akkamtaatti kan gargaarameedha. Malli iddaattoo
ani itti fayyadame iddatteessuu miti carraadha. Akaakuu iddatteessuu miti carraa keessaa
akkayyootti fayyadamuun gandoota aanichaa digdamii lama keessaa gandoota afur
filachuudhaan akkasumas, namoota gandoota kanneen keessatti weelluu buxxuulaa irratti
muuxannoofi beekkumsa qaban irraa afgaaffii, marii gareefi daawwannaan odeeffannoo
funaannachuudhaan xiinxaluun dhiheessee jira.
5.2. Argannoo
Argannoon qorannoo kanaa odeeffannoo ragaa kennitoota irraa argame isa boqonnaa afur
jalatti xiinxallamee hiikni itti kenname irraa bira kan gahameedha. Gaaffiiwwan bu‟uuraa
boqonnaa tokko jalatti ka‟an irratti hundaa‟uun deebii argame irraa argannoowwan
argaman akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.
5.3. Yaboo
WABIILEE
Abbas Haji. 1995. Arsi Oromo Political and Military Resistance Against the Shoan
Colonial Conquest (1881-6). Journal of Oromo Studies. Volume 2, Number 1& 2,
Pp. 1-23.
Abdiyo Ketebo. 1999. A Historical Survey of the Arsi-Oromo, 1910-1974. Addis Ababa:
Addis Ababa University (Unpublished MA Thesisin Department of History).
Abreham Alemu Fanta. 2006. Ethnicity and Local Identity in the Folklore of the South-
Western Oromo of Ethiopia: A Comparative Study. (PhD Dissertation in
Department of Social Science).
Ahmed Dedo. (2010). Image of Women in Selected Oromo Folktales, Folksongs and
Proverbs. With Particular Reference to East Arsi Zone. (Unpublished MA Thesis
in Department of English).
Alamaayyoo Hayileefi kaawwan. 2006. Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa. Gulaallii
Sadaffaa. Biiroo Aadaafi Turiiziimii Oromiyaa. Finfinnee.
Alamaayyoofi Alamituu.2010. Seensa Afoolaa: Yuunbarsiitii Jimmaatti Damee Barnoota
Afaan Oromoofi Ogbarruu: Kan hinmaxxaffamin (Kan hinmaxxaffamin Mojulii
barattoota digirii 1ffaa tiif qophaahe).
Andrzejewiski, B.W. et al. 1985.Literature in African Languages: A Theoretical Issues
and Sample Surveys. Warsaw: Wiedza Powszechna State Publishing.
Assefa Tefera Dibaba. 1998. Anaan’yaa. Finfinne: ______
______2003. Towards A Political Sociology of Oromo Literature: Jaarsoo Waaqoo‟s
Poetry: A Thesis Submitted to the School of Graduate Studies. Addis Ababa
University (Unpublished MA Thesisin Department of Sociology).
Baxter, P. T. W., 1974. Some Preliminary Observations on a Type of Arsi Song, Wellu,
which is Popular with Young Men, Accademia Nazionale Dei Lincei, 809-820.
Beekan Gulummaa. 2014. Dimdimoo: Coomaa Aadaafi Afoola Ummata Oromoo.
Finfinnee : Elleni P.P. Plc.
Ben Amos. 1975. Towards a Definition of Folklore in Context. Reading in American
folklore-Newdeli: South Asian Publishers Ltd.
Bukenya, A. 1994. Understanding Oral Liiterature. Nairobi: Univeristy Press.
41
Jaatanii Diidaa Haroo. 2015. Jaarraa: Haaromsa Aadaafi Seenaa Booranaa. Zak print,
Hawassa
Janet M. Ruane. 2005. Essentials of Research Methods: A Guide to Social Science
Research. Blackwell Publishing
Jemal Kedir Feto. 2017. A Historical Survey of Islamazation of Arsi Oromoo: With
Particular Emphasis on Gadab Area, 1935-2000 (Unpublished MA Thesisin
Department of History).
Jemila Adem. 2014. Women and Indigenious Conflict Resolution Institutions in Oromia:
Experience from Siinqee of the Wayyu Shanan Arsi Oromo in Adami Tullu Jiddu
Kombolcha District of the Oromia National Regional State: A Thesis Submitted
to the School of Graduate Studies of Addis Ababa University in Partial
Fulfillment of the Requirements for the Degree of Masters of Art in Social
Anthropology
Jeylan W. Hussien. 2005. The Function of African Oral Arts: The Arsi Oromo Oral Arts
in focus”. African study Monographs, 26(1) Pp.15-58.
John W. Creswell. 2007. Qualitative Inquiry and Research Design: Choosing Among
Five Approaches. Second Edition. University of Nebraska–Lincoln. Sage
Publications.
______2009. Research Design: Qualitative, Quantitative, and Mixed Methods
Approaches. Third Edition. University of Nebraska–Lincoln. Sage Publications.
______2012. Educational Research: Planning, Conducting, and Evaluating Quantitative
and Qualitative Research.Fourth Edition. University of Nebraska–Lincoln
Josepha Sherman. 2008. Storytelling: An Encyclopedia of Mythology and Folklore: M.E.
Sharpe, Inc.
Kothari. 2004. Research Methodology: Methods and Techniques.New Age International
(P) Limited, Publishers
Leila Qashu. 2016. Toward an Understanding of Justice, Belief, and Women’s Rights:
Ateetee, an Arsi Oromo Women‟s Sung Dispute Resolution Process in Ethiopia:
A Dissertation Submitted to the School of Graduate Studies in Partial Fulfillment
of the requirements for the Degree of Doctor of Philosophy Ethnomusicology.
Memorial University of New found land
43
Louis et. al. 2000. Research Methods in Education: Fifth Edition. London and New York
M. H. Abrams. 1999. A Glosary of Literary Terms: Seventh Edition, Cornel University.
Maammoo Badhaasaa. 2009. Qaaccessa Qabiyeefi Unka Weedduu Arrabsoo Durbaa
Sirna Naqatanii Fuudhuu Godina Wallagga Lixaa Aanaa Haaruu irratti kan
xiyyeeffate Waraqaa Qorannoo Digirii Lammaffaa (MA) Ogummaa
Barsiisummaa Afaan Oromoofi Ogbarruu Barsiisuuf Gamisaan Guuttachuuf
Dhihaate. Yuunibarsitii Addis Ababaa Finfinnee
Misgaanuu Gulummaa. 2011. Naatoo: Duudhaa Gaa‟ela Oromoo. Finfinnee, Oromiyaa.
Oliyaad Balaay. 2010. Xiinxala Qabiyyee Weedduu Jaalalaa: Godina Wallaggaa Bahaa
Aanaa Gudayyaa Biilaa irratti kan xiyyeeffate Waraqaa Qorannoo Digirii
Lammaffaa (MA) Ogummaa Barsiisummaa Afaan Oromoofi Ogbarruu Barsiisuuf
Gamisaan Guuttachuuf Dhiyaate. Yuunibarsitii Addis Ababaa Finfinnee
Okpewho I (1992). African Oral Literature. Background. Character and Continuity.
Bloommington and Indian Polis; Indiana University Press.
Peter Childs and Roger Fowler. 2006. The Routledge: Dictionary of Literary Terms.
Third Edition. Taylor & Francis Group
Qalbeessaa Worqinee. 2014. The Potential Contribution of Love-Sex Songs to the Spread
or Prevention of HIV/AIDS: The Case of the Oromo of Ethiopia
Ruth Finnegan. 2012. Oral Literature in Africa: World Oral Literature Series: Volume 1
Cambridge, UK. Open book Publishers
Sims C. M and Martine, S. 2005. Living Folklore: An Introduction to the Study of People
on their Traditions. Logan Utah: Utah University Press
Sumner, Claude. 1996. Proverbs, Songs, Folktales: An Anthology of Oromo Literature.
Addis Ababa: Gudina Tumsa Foundation.
Talilee B. Fiqruu. 2018. Reviving Aspects of Ateetee: An Arsi Oromo Women's Musical
Ritual to Empower Women to Protect Their Human Rights and Participate in
Society's Social and Religious Life
Tegegn Nuresu Wako. 2011. In Praise of Saayyaa: Oromo Songs in Praise of the Cattle.
Harare, Zimbabwe. Commercial Printing Enterpraise.
44
Dabalee A
YUUNIBARSIITI HARAMAAYAA
MUUMMEE AFAAN OAROMOO, OGUMAAFI QUNNAMTII
Ragaa Odeef-kennitootaa
Maqaa Ganda Gahee hojii
Barnoota
Umrii
Lakk.
Saala
S.
a
1 Abdallaa Kadiir Dhi 30 Eekkaa Dayyuu Qotee Bulaa 10
2 Aliyyii Dammishuu Dhi 32 Eekkaa Dayyuu Qotee Bulaa Dipp
3 Amaloo Turaa Dhi 35 Goofingira Barsiisaa Digrii
4 Beekaa Gadaa Dhi 80 Goofingira Qotee Bulaa 6
5 Dammishuu Fatoo Dhi 60 Eekkaa Dayyuu Qotee Bulaa Hinqaban
6 Dharroo Dhaqqaboo Dha 50 Eekkaa Dayyuu Qotee Bulaa Hinqaban
7 Fayyisoo Dimmaa Dhi 38 Ketaa Jeemaa Qotee Bulaa Hinqaban
8 Galatoo Gammadaa Dhi 60 Magaalaa Barsiisaa Hinqabu
9 Gammadii Edaasoo Dhi 28 Magaalaa Barsiisaa Dipp
10 Guutaa Godaanaa Dhi 45 Eekkaa Dayyuu Qotee Bulaa Hinqaban
11 Hajjii Hayaatoo Dhi 35 Goofingira Barsiisaa Digrii
12 Hajjii Kadiir Dhi 32 Magaalaa Daldalaa 10
13 Hawwii Eda‟oo Dha 70 Eekkaa Dayyuu Qotee Bulaa Hinqaban
14 Huseen Tufaa Dhi 60 Eekkaa Dayyuu Qotee Bulaa 4
15 Kadiijaa Kadiir Dha 25 Eekkaa Dayyuu Barsiiftuu Dipp
16 Madiinaa Kadiir Dha 30 Eekkaa Dayyuu - 10
17 Milkeessoo Fayyisoo Dhi 20 Ketaa Jeemaa Barataa 12
18 Moominaa Bunii Dha 27 Eekkaa Dayyuu Barsiiftuu 10
19 Qaabatoo Raaboo Dhi 47 Eekkaa Dayyuu Qotee Bulaa 5
20 Muhaammad Hasan Dhi 35 Magaalaa Barsiisaa Dipp
45
Dabalee B
YUUNIBRSIITII HARAMAAYAA
MUUMMEE AFAAN OROMOO, OGUMAAFI QUNNAMTII
Gaaffiilee Afgaaffii Qophaa‟an
Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaa aanaa Qoreetti xiinxala weelluu buxxuulaa jedhu
ilaalchisee afgaaffii dhihaateedha. Kabajamoo odeef-kennitootaa hanga danda‟ametti bifa
guutummaa qabuun akka ibsitan. Hirmaannaa keessaniif isin galateeffadha. Ragaan naaf
kennitanis galma gahiinsa hojii qorannoo kiyyaaf murteessaadha.
Dabalee C
YUUNIBRSIITII HARAMAAYAA
MUUMMEE AFAAN OROMOO, OGUMAAFI QUNNAMTII
Gaaffiilee Marii Gareetiif Qophaa‟an
Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaa aanaa Qoreetti xiinxala weelluu buxxuulaa jedhu
ilaalchisee qabxiilee marii gareetiif dhihaataniidha. Kabajamoo odeef-kennitootaa hanga
danda‟ametti bifa sodaa hinqabneen iftoominaan akka mari‟attan. Hirmaannaa keessaniif
isin galateeffadha. Ragaan naaf kennitanis galma gahiinsa hojii qorannoo kiyyaaf
murteessaadha.
Dabalee D
YUUNIBRSIITII HARAMAAYAA
MUUMMEE AFAAN OROMOO, OGUMAAFI QUNNAMTII
Suuraa odeef-kennitootaa
Dabalee E
YUUNIBRSIITII HARAMAAYAA
MUUMMEE AFAAN OROMOO, OGUMAAFI QUNNAMTII
Walaloowwan Weelluu Buxxuulaa akka walii galaatti
A. Weelluuwwan buxxuulaa sarara lamaan jiran
1. Asii gadii manni aadamii Dassitaa,
Karaa karraa gori haxirii cabsitaa
2. Ani hin aaru koboonni haa aaru hoo
Rabbiin ollaa kee na kaahee haa laalu hoo
3. Takka takkaan yaati qamadiin Albasoo
Magaala leexaa biraa na hin nyaattu masoo
4. Dukkana deema barbaacha leexaa intalaa
Goorora kee naa ergiiyaa haadha falaa
5. Bada buxxuulaa kan sirkarraan asi dhufee
Qara hinbeekuu amma nallee hargufee
6. Loon wayyaa loonuma loonirraa hinfoohinii,
Tokkicha jaaladhu marumaa hinboohinii
7. Gamaa utaalee gamana dheedaa kormi,
Ofii maraatee nama maraacha ormi
50
Gadaan si hinbaatinii
3. Godaanti baddaa
Dura limmoo feetii
Xuuxii na dhungadhuu
Akka ilmoo teetii
4. Irranaa gadi gala,
Kan farda daamaa
Isheen ni qayyattii
Ibbiddi dhaamaa
Ibidda dhaamellee
Ima qabsiisanii
Tan salma hinbeeknellee
Ima barsiisanii
5. Irranaa gadi gala
Duubeenillee
Irraa nama hinkaaftuu
Cuubeenillee
6. Alii allayyo‟oo
Tan allayyoo boosoo
Qalbii na fudhattee
Magaalattiin lookoon
7. Shuumamee shaaramee
Qumbiinillee
Yoo jaaladhe hindhiisu
Durbiinillee
8. Shuumiin biyya teenyaa
Daalu moo shibbiruu
Hanga ati hiikkattuuf
Taa‟u moo shirshiruu
Silaa Daaluu manna
Shibbiruma wayyaa
60
Qoree Alii
Soolee madarsho‟oo
Jidduu kana bahaa
Jinniin mataa raasee
Jinni hamtuu qabaa
Kan sitti na kaasee
20. Warri waabee gamaa
Buna duudaa dhugaa
Jaarsi kee dulloomee,
Badaa taa‟ee mugaa
Gooroon natti haatadhu
Galgaleesseen dhufaa
21. Jaarsi tiruu woddee,
Tan hanga sunsumaa
Jaarsa jiruun baddee,
Waan tare dhundhumaa
22. Qamadii kooboo,
Ambo sukkuumatee
Amba hoomaa keessaa
Eenyutu si uumatee?
23. Tiifuu gosa roobaa
Jala hindhaabbatanii
Siifuu akka diinaa
Natti dhaadatanii
24. Yaabbannaanis daamaa
Kan addi addaatuu
Jaalannaan magalaa
Kan harmi dhaabbatu