You are on page 1of 71

SAKATTA’A FI XIINXALA HOJIIRRAA OOLMAA MALA BARUUF

BARSIISUU BARATAA GIDDUU GALEESSA GODHATE: MANA


BARUMSAA BAATEE SADARKAA 2FFAA AFAAN OROMOO
KUTAA 9 FFAA IRRATTI XIYYEEFFACHUUN

QORANNOO SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII LAMMAFFAA (MA)

HABTAAMUU LATAA GOSHAAREE

EBILA, 2022

YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA, HARAMAAYA


Sakatta’aa fi Xiinxala Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa
Giddu Galeessa Godhate: Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa Afaan
Oromoo Kutaa 9ffaa Irratti Xiyyeeffachuun

Qorannoo Barnoota Digirii Lammaffaa (MA) Afaan Oromoo fi Oguma


Barsiisuutiin Muummee Afaan Oromoo Ogumaa Fi Qunnamtiif Kan
Gale

Daarektoreeta Sagantaa Barnoota Digirii Duraan Boodaa

YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA

Ulaagaalee Itti Guuttannaa Gartokkee Barnoota Digirii Duraan


Boodaa

Habtaamuu Lataa Goshaaree

Ebila, 2022

Yuunivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa


DAAREKTOREETA BARNOOTA SAGANTAA DIGIRII DURAAN BOODAA

YUUNVASIITII HARAMAAYAA

Waraqaa qorannoo barataa Habtaamuu Lataa Goshaareetiin mata duree “Sakatta’aa fi Xiinxala
Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Gidduu Galeessa Godhate: Mana Barumsaa
Baatee Sadarkaa Lammaffaa Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa Irratti kan Xiyyeeffate.” jedhu irratti
gaggeessummaa koo jalatti hojjechaa ture dubbisee madaaleera. Kanaaf, unkaa waraqaa
qorannoo digirii duraan boodaa waan guuteef akka dhiheessu yaada kenneera.

___________________ ______________ _______________


Maqaa Gorsaa Ijoo Mallattoo Guyyaa
___________________ _______________ _______________
Maqaa Gorsaa Gargaaraa Mallattoo Guyyaa

________________ ______________ ________________


Gaggeessaa Mallattoo Guyyaa
_______________ ______________ ________________
Qoraa keessaa Mallattoo Guyyaa
________________ _______________ ________________
Qoraa alaa Mallattoo Guyyaa
IBSA MIRKANEEFFANNAA

Ani maqaa fi mallattoon koo armaan gaditti eerame,waraqaan qorannoo kun hojii koo kan
ta’eefi kanaan dura Yuuniivarsiitii kamiyyuu keessatti qorannoo eebbaatiif kan hin dhiyaanne
ta’uusaafi wabiilee qorannoo kanaaf dubbisee irraa fayyadame hunda isaanii wabii keessa
kaa’uu koo nan mirkaneessa.
Maqaa: Habtaamuu Lataa
Bakka: Yuuniivarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa
Mallattoo______
Guyyaa: 10/8/2014
SEENAA QORATICHAA

Qoratichi bara 1974 tti Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti
dhalate. Bara 1980-1985 mana barnoota sadarkaa tokkoffaa 1-6 Mana Barumsaa Sadarkaa
1ffaa Haroo Haboo Sadarkaa 1ffaa kan baratedha. Barnoota sadarkaa 1ffaa gidduu gala bara 1986-
1987 tti kutaa 7-8 mana barumsa Aliibootti barnoota sadarkaa 1ffaa gidduu gala kan baratedha.
Barnoota sadarkaa 2ffaa bara 1988-1991 tti mana barumsa Amuuruutti sadarkaa 2ffaa xummuree,
Dhaabbata Leenjii Barsiisota Jimmaatti bara 1993 tti ogummaa barsiisummaa leenji’uun bara
1994 tti hojii barsiisummaa eegale Bara1987-1999 tti koolleejjii Open 2020 tti barnoota
dippiloomaa Istiriimii afaaniin eebbifameera. Bara 2001-2006 tti gara Yuunivarsiitii
Haramaayaa dhufuun, muummee Afaan Oromoo ogumaa fi qunnamtii keessatti barnoota
sagantaa gannaa hordofaa turuun digirii jalqabaan eebbifameera. Turtii waggaa afurii booda
bara 2011 tti garuma Yuunivarsiitii Haramaayaa kanaatti deebi’uun barnoota digirii lammaffaa
Afaan Oromoo ogummaa qunnamtiin fi ogummaa barsiisummaan barachaa turuun sadarkaa
amma irra jirurra gaheera.

ii
GALATA

Dursa jalqabarraa hagaa dhuma qorannoo kanaatti daandii milkaa’ina qorannoo kanaaf kan
naaf tahe Waaqayyon galateeffaadha. Itti aansuun gorsa ogummaa fi yaada jijjiiramaa ta’e kan
naaf gumaachaa turan, gorsaa koo Fiqaduu Baldaa (Piroofeesara Gargaaraa) fi Jeyilaan Amaan
(PhD) galanni koo guddaa dha. Itti aansuun barsiisota Afaan Oromoo Mana Barumsaa Baatee
Sadarkaa 2ffaa keessaa barsiisaan hojii qorannoo kanaatiif kitaabilee fi odeeffannoo
barbaachisu hunda naaf kennuun kan na gargaaran barsiistuu maabiraatee Bayeechaa fi
barsiistuu Dammituu Tolaa galatan galatefadha. Itti dabaluun, barattoota Mana Barumsaa
Baatee Sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa bara 2013 barataan beekumsaa fi muuxannoo gama sakatta’a
hojiirra oolmaa malam baruuf barsiisuu barataa giddu galeessa godhate: Mana Barumsaa
Baatee Sadarkaa 2ffaa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa irratti xiyyeeffate qaban nuffaa fi dadhabbii
tokko malee yeroo isaanii qorataaf kennuun odeeffannoo gahaa akka argatuuf gumaacha
guddaa taasisaniif galanni ko daangaa hin qabu. Dhumarrattis, maatii koo fi hiriyoota koo
kallattii gara garaan deeggarsa walirraa hin cinne naaf taasistan galatoomaa.

iii
BAAFATA
QABIYYEE FUULA
IBSA MIRKANEEFFANNAA iv
SEENAA QORATICHAA ii
GALATA iii
TARREEFFAMA GABATEEWWANII vi
AXEREERA vii
1. SEENSA 2
1.1. Seenduubee Qorannichaa 2
1.2. Ka’umsa Qorannichaa 2
1.3. Gaaffilee Qorannichaa 3
1.4. Kaayyoolee Qorannichaa 3
1.4.1. Kaayyoo gooroo 3
1.4.2. Kaayyoo gooree 4
1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa 4
1.6. Daangaa Qorannichaa 4
1.7. Hanqina Qorannichaa 5
2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMANII 6
2.1. Maalummaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Gidduu Galeessa Godhate 6
2.1.1. Gaheewwan mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatee 6
2.1.2. Dhiyeessa mala barataa gidduu galeessa godhatee 7
2.2. Bifoota Dhiheessa Mala Barataa Gidduu Galeessaa Godhatee 8
2.3. Faayidaa Mala Dhiheessa Barataa Gidduu Galeessa Godhate 9
2.4. Dhiyeessa Mala Barata Gidduu Galeessa Godhate Keessatti Gahee Barsiisaa fi Barataa10
2.4.1. Dhiyeessa mala barataa gidduu galeessa godhate keessatti gahee barataa 10
2.4.2. Dhiyeessa mala barataa gidduu galeessa godhate keessatti gaheewwaa barsiisaa 11
2.5. Hojiirra Oolmaa Dhiyeessa Barataa Gidduu Galeessa Godhatee 12
2.6. Dhiyeessa Mala Baruu Barsiisuu Barataa Gidduu galeessa Godhaterratti Wantoota
Gufuu Ta’an 13
3. XIINMALA QORANNOO 15
Itti fufaa...

iv
3.1. Ibsa Naannoo Qorannichaa 15
3.2. Saxaxa Qorannichaa 15
3.3. Madda Ragaalee 16
3.4. Iddattoo fi Iddatteessuu 16
3.4.1. Iddattoo 16
3.4.2. Iddatteessuu 17
3.5. Meeshaalee Funaaname Ragaalee 17
3.5.1. Afgaaffii 18
3.5.2. Bargaaffii 18
3.5.3. Daawwannaa 19
3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee 20
3.7. Naamusa Qorannichaa 20
4. DHIHEESSA SAKATTA’AA FI XIINXALA RAGAALEE 22
4.1. Xiinxala Ragaalee Harshammee 22
4.1.1. Xiinxala ragaalee afgaaffii, bargaaffii fi daawwannaa 22
4.1.2. Xiinxala Ragaa Irraa Funaanname 23
4.1.3. Duubee Odeefkennitoota Barattootaa 23
4.2. Hojiirra Oolmaa Mala Baruu Barsiisuu Barataa Gidduu Galeessa Godhate. 27
4.3. Gufuuwwan Hojiirra Oolmaa Mala Baruu Barsiisuu Barataa Gidduu Galeessa Godhate36
4.3.1. Qabiyyeen Walqabatee 39
4.3.2. Haala Daree Barnootaan Walqabatee 40
4.3.3. Meeshaalee Deeggarsa Barnootaan Walqabatee 42
4.3.4. Yeroo wayitii barnootaa Afaan Oromoof kennamen Walqabatee 44
4.4. Furmaata Gufuuwwan Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Gidduu
Galeessa Godhate 44
5. GUDUUNFAA, ARGANNOOWWANII FI YABOO 47
5.1. Guduunfaa 47
5.2. Argannoowwanii 48
5.3. Yaboo 49
6. WABIILEE 50

v
TARREEFFAMA GABATEEWWANII
Gabatee 1 . Duubee Odeefkennitoota Barsiisota 23
Gabatee 2 . Odeefkennitoota Barattootaa Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa, Kutaa 9ffaa 24
Gabatee 3 . Odeefkennitoota Barattootaa Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa, Kutaa 9ffaa
Dareedhaan 24
Gabatee 4 . Odeefkennitoota Barattootaa Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa, Kutaa 9ffaa
Umuriidhaan 25
Gabatee 5 . Odeefkennitoota Barattootaa Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa, Kutaa 9ffaa
Saalaan 26
Gabatee 6 . Gaaffilee Raawwii Barattootaan Walqabatan 27
Gabatee 7 . Hojii Gareen Walqabatee 31
Gabatee 8 . Hojii Dhuunfaan Walqabatan 33

vi
Sakatta’a fi Xiinxala Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa
Gidduu Galeessa Godhate Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa
Lammaffaa Afaan Oromoo Kutaa 9ffaa Irratti Kan Xiyyeeffate

AXEREERA

Kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa baruu barsiisuu keessatti Sakatta’udhafi Xiinxaludhaan


hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate Sakatta’udha.
Haaluma kanaan Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaatti, gosa barnoota Afaan
Oromootiin mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen barsiisuun hammam
hojiirra akka oolu sakatta’ameera. Qorannoo saxaxa gosa qorannoo kana yoo ta’u
iddatteessuu carraa keessaa carraa sirnaawaa barattootaaf iddatteessuuf fayyadameera.
Ragaan barsiisota sadii fi barattoota dhibba tokkofi digdaamaa irraa walitti qabamee
xiinxalamee jira. Ragaaleen qorannicha meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka
afgaaffii barsiisotarraa akkasumas bargaaffii cufaafi banaa barattootarraa ragaa funaanuf
hojiirra oolaniiru. Maddi ragaa qorataan itti gargaaramuf deemu madda ragaa tokkoffaa fi
madda ragaa lammaffaati.Dabalataan ragaan sakkata’insa arshaame kan walitti qabamee
yoo ta’u ragaaleen tooftaalee funaasa ragaalee sadaniinu argaman mala akkamtaatti fi
ammamtaan mala qorannoo hammamtaa keessatti dhibbeentaa fi irra deddeebiin hojiirraa
oolaniiru. Malli qaaccessa odeeffannoo mala makkaa yoo ta’uu bu’aan argame akka
agarsiisutti adeemsichi kan gosoota madaalliin ittiin gaggeeffamu mala hundaa gidduu
galeeffatee miti. Rakkoon hojiirra ooluu dhabuu kanneen tahaan: qabiyyeen walqabatee,
haala daree barnootaan walqabate, meeshaalee deeggarsa barnootaan walqabateefi yeroo
wayitii barnootaa Afaan Oromoof kennamedha. Lakkoofsi barattootaa fi haalli daree
barnootaa hojiirra oolmaa mala barataa jidduu galeessaa godhateen barsiifamu dareen
mijaawoo fi barnoota qulqullina qabu barsiifamuuf haalli dureen kun jiraachuun murteessaa
akka ta’e dha. Rakkoolee kanaaf furmaata kennuun akka danda’amu ibsameera. Kana
jechuun dareen barnootaa baay’inaan ijaaramuu qaba, barattoonni dareetti akka walitti hin
heddumaanne taasisuufi malli kun hojiirra akka ooluu yoo barbaadame mootummaan sirriitti
akka itti yaaduu qabu ibsameera.

vii
1. SEENSA

Boqonnaan kun odeeffannoo ka’umsaafi bu’uuraa dhiyeessuurratti kan xiyyeeffatedha.


Haaluma kanaan mata dureewwan kanneen akka seeduubee qorannichaa, ka’umsa
qorannichaa gaaffii qorannichaa, kaayyoolee qorannichaa, barbaachisummaa qorannichaa,
daangaa qorannichaa, hanqina qorannichaa hammata.

1.1. Seenduubee Qorannichaa

Mala barsiisuu karaa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Isaanis mala baruuf barsisuu barsiisaa
gidduu galeessa godhatee fi mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatedha (Moore,
2001). Akka Reed fi Bergmann (1995) ibsanitti, waggoota baay’een dura jedhantti malli
barsiisuu aadaa, dhaabbanni mala baruuf barsiisuu barsiisaa gidduu galeessa godhate mana
barumsaatti guutumaan guutuutti dursaa ta’ee hojiirraa oolaa ture.

Dabalataanis, yaada baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate babal’isuun gaheewwan
isaan bahan jiru. Malli baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate, hojiiwwan
dhiyeenyatti hojjetan keessattis faayidaa qabeessummaan isaa caqasameera. Haaluma
walfakkaatun, barreessaan Richards fi Rodgers (2001) malli baruufi barsiisuu barsiisaa gidduu
galeessa godhaterraa gara mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatetti yoo
jijjiirame, barattoonni caalmaatti fayyadamoo ta’uu isaanii ibseera.

Malleen dhiyeessa mala barataa gidduu galeessa godhate keessatti hammatamaniifi barattoota
si’ataa taasisan kanneen akka: mala gaaffiifi deebii, mala daawwii, mala argannoo, mala
piroojektii, walgargarsaan barachuu, mala gaaffii dhiheessuu, hojii garee, mala gahee
taphachuu, mala rakkoo hiikuu, hojii dhuunfaa akka fakkeenyaatti ka’u, kana jechuun
barsiisaan malleen kana keessaa qabiyyee barnootaa inni barsiisuu waliin kan deemuu
filachuun, haala barattoota hirmaachisuu danda’uun akka barsiisuuf isa dandeessisa. Tigist
(2008) akka ibsitetti, malli baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate barattoota
caalmatti fayyadamoo taasisuu isaati. Malli baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate
hojiirra akka hin oolleef, wantootni gufuu itti tahan baay’eetu jiru.
2

Malli barsiisaa gidduu galeessa godhate, mala baratamaafi bara dheeraa lakkoofsiseedha.
Haala baruuf barsiisuu keessattis, olaantummaan barsiisaa daree barnoota Afaan Oromoo
keessatti iddoo itti sirriittii argamu’adha. Kanarraa kan ka’e, barattoonnii adeemsa barachuu
keessatti, si’aa’inaan kan hordofan osoo hin taane, hordoftoota qabbanaa’a akka tahan isaan
godha. Yaada faallaa isaatiin immoo, malli dhiyeessa barataa gidduu galeessaa godhate,
barattoonni adeemsa barachuu keessatti hirmaattota adda duree akka tahan taasisa.

Akka Tudor (1964); Farrant, (1980); Lue (1998); Shank (1999); Moore (2001) ibsanitti,
kanneen rakkoo ta’an keessaa: teessoo dhabuu, kitaabileen barnootaa baay’ina barattootaan
walsimuu dhabuu, bakkii barattoonni dhufaan faggoo ta’u, yeroon barnootaaf kennamee gahaa
tahuu dhiisuufi baay’inni barattootaafi bal’inni daree walsimuu dhiisuun isaan caqafamaniidha.
Biyya keenyaa keessatti bara 1994 A.L.H tti jalqabee imaammatni haaraa bahee, haaluma
walfakkaatuun daree barnoota Afaan Oromoo keessatti malli barataa gidduu galeessa godhate
hojiirra ooluu isaa kan ibsudha (Zewude, 2005). Kaayyoon qorannoo kanaas mala kana
hojiirra oolmaa isaa sakatta’uurratti xiyyeeffata.

1.2. Ka’umsa Qorannichaa

Yeroo ammaa mala baruufi barsiisuu barataa gidduu galeessa godhaate barsiifamu daree
barnoota keessatti dagatamaa kan jiranidha. Qorataan turtii hojii barsiisummaa waggoottan
kudhaa afur bulchiinsaa magaalaa Haramaayaa keessatti dabarseen Afaan Oromoo mala baruu
barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen barsiisuun hammam hojiirra akka oolu irratti
hubannoon jiru laafaa hubateera. Dhaloonni haaraan mala baruu barsiisuu barataa gidduu
galeessa godhateen barsiisuun malli kun barattootaaf baay’ee barbaachisaafi murteessaa kan
ta’e kana yeroo ammaa kennamaafi kan jiru xiqqaa akka ta’e qorataan hubateera. Hojiirraa
oolmaa mala baruufi barsiisuu barataa gidduu galeessaa godhate mana barumsaa Baatee
Sadarkaa lammaffaa keessatti shakkisiisaa ta’uun qorataan dhimmi kanarratti qorannoo akka
gaggeessu taasiseera.

Akkasumas, malli karoora waliigalaatti meeshaaleen afaanii ittiin ibsaman ta’ee, isaan kana
jidduutti walfaalleessuun kan hin jirreefi hundi isaanii haala dhiyeessa filatamaa kan
bu’uureffatandha. Barnoonni afaanii kan irratti xiyyeeffatu, jiruufi jireenya hawaasa tokkoo
3

gadifageenyaan qorachuudha akka barnoota afaaniitti waanti tokko kan ibsamu haala
muuxannoofi beekumsa qorattootaa irratti hundaaheeti malee dhibbaa dhibbatti waanti dhugaa
jedhamu hin jiru.

Tooftaleee baruuf barsiisuu barsiisaa giddduu galeessa godhate, harka caalaa olantummaan
barsiisaa kan itti mul’atuudha. Barattootas si’ataafi hirmaachisaa hin taasisu. Kanaafuu,
dhiyeessa mala barataa gidduu galeessa godhate keesumaayyuu barattoota afaaniif
filatamaadha. Sababni isaas barataan dandeettiiwwan afaanii qabutti fayyadamuun adeemsa
barachuu keessatti si’aa’inaan hirmaachuun dandeettii dhaggeeffachuu, dubbachuu, dubbisuufi
barreessuu carraa itti guddifatu waan kennuufidha. Biyya keenyaa keessatti bara 1994 A.L.H
tti jalqabee imaammatni haaraa bahee, malli barataa gidduu galeessa godhate hojiirra ooluu
isaa kan addeesuudha.

1.3. Gaaffilee Qorannichaa

Qorannoo kana keessatti sakatta’insii fi xiinxalli armaan gadii deebii argatu. Isaans:

1. Mana barumsa sadarkaa lammaffaa Baateetti barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa
barsiisuu keessatti malli baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate hammam
hojiirra oolaa jiraa?
2. Barsiisonni mala barataa gidduu galeessa godhate hojiirra oolchuu keessatti
dhimmoonni gufuu isanitti ta’an maalii?
3. Dhimmoota mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeeffatetti rakkoo ta`aniif
furmaanni maalii?

1.4. Kaayyoolee Qorannichaa

1.4.1. Kaayyoo gooroo

Kayyoon gooroo qorannoo kanaa: Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa keessatti,
gosa barnoota Afaan Oromootiin mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen
barsiisuun hammam hojiirra akka oolu sakatta`uunfi xiinxaluun ibsuudha. Qorannoon kun
kaayyoolee gurguddoo of keessati hammatuu:
4

1.4.2. Kaayyoo gooree

Kayyoowwan gooree qorannoo kanaa kanneen armaan gaditti tarreefamaniidha.

a. Mana barumsa sadarkaa lammaffaa Baateetti barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa
barsiisuu keessatti hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhatee sakatta’u fi xiinxaludha;
b. Danqaalee mala barataa gidduu galeessa godhate hojiirra oolchuu keessatti barsiisota
muudatan ibsuu; fi
c. Dhimmoota hojirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhaterratti
gufuu ta’aniif furmaata eeruu.

1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa

Qorannoo kun dursa qorattoota mata duree kana ilaalchisuun qorannoo gaggeessaniif akka
wabiitti ni tajaajiila. Qorannoon taasifamu tokko faayidaa mataasaa qaba. Qorannoon
gaggeeffamu tokko karaa kaallattiinis ta’e alkalattiin qaamolee garaa garaaf fayyaduu danda’a.
Akka hubannoo qoratichaatti, sababa rakkoo hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa
gidduu galeessa godhatee Afaan Oromoo kutaa 9ffaa irraa ka’een, Mana Barumsaa Baatee
Sadarkaa Lammaffaa keessatti, barattoonni adeemsa baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhate hojiirra oolmaasaa rakkina qaba.

Kanaafuu, qorannoon kun adda dureedhaan barsiisota Afaan Oromoo sadarkaa kanatti kutaa
saglaffaa barsiisaniifi barattoota kutaa 9ffaa irratti xiyyeeffaatudha. Kuniis, tooftaalee hojiirra
oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatee; hojiilee kutaa adda addaa
dandeetti waliin dubbii gabbisanfi hubannoo jijjiiramawwan malleen barumsaa afaanii
yeroodhaa yerootti dhalatanirratti akka yaadanni gargaara. Kana malees, namoota qorannoo
bal’aa dhimma kanarratti adeemsisuu fedhaniif akka ka’umsaatti fayyaduu danda’a.

1.6. Daangaa Qorannichaa

Dhimmi qorannoon kun irratti daangeffame hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa
gidduu galeessa godhate sakatta’uudha fi xiinxaluudha. Rakkooleen adeemsa baruuf barsiisuu
5

keessatti mudachuu ni malaan. Manni Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa barsiisota


soddomii ja’a qaba. Akkasumas, kutaa 9ffaa keessatti gosni barnootaa kudha lamatu barsiifama.
Qorannoon kunis, rakkoo adeemsa baruu barsiisuu mara, barsiisotafi gosoota barnootaa
hundarratti osoo adeemsifamee filatamaa ture. Garuu humnaafi yeroo jiru irraa kan ka’e isaan
mararatti qorannoo adeemsisuun rakkisaadha.

Waan kana ta’eef, qorannoon kun Mana Barumsa Baatee Sadarkaa Lammaffaa keessaa
barattootaa kutaa 9ffaafi barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa irratti, wayitii barnoota Afaan
Oromoo, hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate irratti
daangeffameera. Sababni manni barumsaa kun filatameefis, Manneen Barnootaa Godina
Harargee Bahaa keessatti argaman keessaa hojiirra oolmaan malli barataa gidduu galeessa
godhate komii jira waan jedhameefi bakki qorannoon kun irratti gaggaafamu dhimma
xiyyeefannoon guddaan kennamuufi qabu waan ta’eef, Aanaalee Godinaa keessaa jiran mara
keessatti gaggeessuun bu’aa argamu mul’isuuf faayidaa olaanaa qaba ture.

Kana gochuuf garuu yeroo dheeraa horii guddaafi human namaa baay’ee waan gaafatuuf,
qorannoon kun kan adeemsiifamu Naannoo Oromiyaaa Godina Harargee Bahaa Bulchiisa
Magaalaa Haramaayaa Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa rratti qofa.

1.7. Hanqina Qorannichaa

Qorannoon hojii adeemsa dheeraa, bu’aa bahii hedduu, qophii guddaa, odeeffannoo bal’aa,
muuxannoo gahaafi obsa cimaa barbaadudha. Hanqinni qorannoo yeroo qorannoon gaggeef
famu wantoota qorannicha keessatti osoo hojjetamuu qabanii hin hojjetamiin hafaniidha. Kana
ibsuun ammoo, qorataan sana booda dhufullee hanqina jiru hubatee irratti gadifageenyaan
akka hojjechuu qabu kan mul’isuudha. Kanaaf, irra guddeessaan hanqina qorannoo kanaa kan
ta’e hanqina yeroo irraan kan ka’e qorataan hojii idileesaa isaa waliin walqabatee qo’annoo
isaattis gaggeessaa waan tureefi haala tasgabaayeen qoranicha adeemsisuu irratti rakkoo isa
mudatera, qorataan hanga danda’ametti qorannicha hiika qabeessa godheera.
6

2. SAKATTA’A BARRUULEE FIROOMANII

Boqqonnaan kun kan of keessatti hammatu maalummaa hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu
barataa gidduu galeessa godhate sakatta’uu kan jedhuu fi sakatta’a barruu yaada hayyootaati.
Kunis, mata duree qorannichaa gidduu galeessa godhachuudhaan yaada hayyootaa sakatta’uun
qindeessuun kan xiyyeeffatudha.

2.1. Maalummaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Gidduu Galeessa


Godhate

Akka Richardfi Rogers (2001) ibsanitti, tooftaa baruuf barsiisuu adeemsa akka waliigalaatti
haala dhiyeessa qindaa’aa irratti hundaa’ee, beekumsa barbaadamu dabarsuuf raawwatudha.
Akkasumas, malli karoora waliigalaatti meeshaaleen afaanii ittiin ibsaman ta’ee, isaan kana
jidduutti walfaalleessuun kan hin jirree fi hundi isaanii haala dhiheenya filatamaa kan
bu’uureffatandha. Yaada kanatti dabaluun, adeemsa dandeettii murtaa’aa barsiisuun itti
filatamudha. Qabiyyee murtaa’aa barsiisuun kan ittiin filatamudha. Tartiiba qabiyyeen ittiin
dhiyaatus kan murteessuudha. Itti dabaluun, sadarkaalee afaan itti xiinxalamu akka armaan
gadiitti ibseera. Kaayyoon tooftichaa maal akka ta’e, qabiyyeen afaanii akkamittii akka
filatamuufi qindaa’un. Akaakuu gochawwaniifi gilgaalotaa maal akka fakkaatu, gahee barataa
fi gahee barsiisaa fi kkf irratti xiyyeeffata.

2.1.1. Gaheewwan mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatee

Mala baruuf barsiisuu keessatti malli barsiisaan afaanii tokko qabiyyee barsiisuuf qopheesse,
akkamitti otoo barsiisee adeemsi baruuf barsiisuu milkaa’ina akka argatuuf beekumsi afaanii
sammuu barattootaa keessatti akkamitti akka gurmaa’u saayinsii agarsiisuudha. Eliyas (1997);
Petty (2004) waabeffachuun akka ibsanitti, adeemsi baruuf barsiisuu bu’aa gaarii akka
argamsiisuuf, barsiisonni mala baruuf barsiisuu filatan fayyadamuun barsiisuu qabu.
Akkasumas, yeroo barsiisaan waan isaan irraa eegamu raawwachuu qabu jechuun ibseera.
Yaada kanarraa wanti hubannu, adeemsa baruuf barsiisuu galmaan geessisuuf malli ittiin
baratamuu fi barsiifamu gahee guddaa qaba. Malli kunis barsiisaan qabiyyee barnootaa
akkamittii akka barsiisuu, akkamittii barattonni akka baratan, maal irratti akka xiyyeeffatan,
7

akkamitti barsiisaa akka madaalan fi madaalaman, haala to’annaa daree adeemsa barsiisuu
keessatti agarsiisanif ni gargara.

2.1.2. Dhiyeessa mala barataa gidduu galeessa godhatee

Malli barataa gidduu galeessa godhate, mala alkallatti, mala ammayyaa fi mala baratamaa hin
taane jedhamuun hayyoota garagaran moggafamee akka ture (ICDR 1999) ibsa. Kunis kan
agarsiisu, maqaan isaanii garaagara haa ta’uyyuu malee, yaadni isaan of keessatti qabatan
walfakkaataa tahuu isaati. Hayyoonni waa’ee mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhate kan barsiisaa gidduu galeessa godhate waliin walbira qabuun ibsu. Brand (2000),
malleen dhiyeessa barnootaa walbira qabuun haala armaan gadiin ibsa, adeemsa barsiisuu
durii keessatti waan barattoonni akka barataan barbaadame hundi guutummaan guutuutti karaa
barsiisaa darbaaf. Waan kana taheef hirmaannaan barattootaa baay’ee gad bu’aadha. Malla
barataa gidduu galeessa godhate keessatti garuu, hirmaannaan barattootaa guddaa waan taheef,
akkasumas, si’aa’iinaan kan hordofan waan taheef, gaheen barsiisaa karaa itti agarsiisuu taha.
Kanaafuu barattoonni carraa dandeettiiwwaan afaanii itti gabbifatan argatu. Kunis callisanii
dhaggeeffachuurraa beekumsa gadi fagoo akka goonfatan taasisa.

Yaada olitti ibsamerraa akka hubatamutti, malli barsiisaa gidduu galeessa godhate hirmaannaa
barattootaa malee yaada barsiisaan qofa kan raawwatamudha. Malli barataa gidduu galeessa
godhate garuu, adeemsa barachuu keessatti gaheen barataa guddaadha. Akkasumas, fedhiin
barataan barumsaaf qabu waan dabaluuf beekumsa garagaraa akka argatan taasisa. Bonwell
and Elison (2003), akka ibsanitti dhiheessa hirmaachiisaa ta’e barattoonnii dhaggeeffattoota
fajajoo tahuurra si’aa’inaan hirmaattoota akka tahan gargaara.

Ibsa beektota kanaarraa akka hubannutti, malli barataa gidduu galeessa godhate, adeemsa
barnootichaa keessatti, barattoota handhuura kan godhu yookiin immoo dursa kan
kennuufidha. Bonwell and Elison (2003), waa’ee mala kanaa yoo ibsan, barattoonni waan
dhaggeeffatanirra waanti hojjetan caaluu qaba. Barattoonnii dubbisuu, barreessuu,
mari’achuufi adeemsa rakkoo hiikuu keessatti hirmaattoota adda duree ta’uu qabu. Waan kana
taheef, mala kana keessatti barattoonni gochaan baratu. Dabalataanis, adeemsa baruuf
barsiisuu si’ataa gochuuf, yadooleen ijoo ilaalamuu qaban, barattoonni fayyadamtoota kan
8

tahan, barnoota isaanii jireenyaa isaanii waliin yoo walqabsiisaniidha. Si’aa’inaan barnoota
isaan yoo hordofan qofaadha. Barnoonnii bu’aa qabeessa tahe, wantoota dhugaa tahan
yaadachuufi beekumsa tarreessuu miti. Waan qabataama tahe qofa barachuun, barattoonni
wantoota gadi fageenyaan akka hubataniifi hirmaatan isaan hin qopheessu. Odeeffannoo
naannoo isaanii jirurraa akka fayyadamaniifi ofiisaaniif, hawaasa isaaniif, jireenya gaarii akka
uuman isaan qopheessa.

2.2. Bifoota Dhiheessa Mala Barataa Gidduu Galeessaa Godhatee

Dhiheessa mala barataa gidduu galeessaa godhate keessatti, barattoonni odeefaannoo guutuu
guututti kallattiin barsiisaarraa hin argatan. Barnoota isaanii jiruu guyyaa guyyaa isaanii
wajjiin walbira qabu, irratti mari’atu, ibsu, yaada waliigalaa kaa`uun irrattii waliigalu jechuun
yoo ibsu, yaada kanatti dabaluun Aggrawel (1998) akka ibsetti, barattoonni madda
odeeffannoo barsiisaan isaanii kennufii. Akkasumas, kitaabolee barnootaa ka’umsa
godhachuun, si’aa’inaan hojjechuuf, gaafachuuf, odeeffannoo irratti hundaa’uun dubbachuuf,
odeeffanicha gadi fageenyaan yaaduun gabaasa dhiyeessuuf yaali godhu.

Malli dhiyeessa barataa gidduu galeessa godhatee, adeemsa hawaasummaa kan qabu fi innis
xiyyeeffannoon isaa namoota adda addaa walitti fiduu fi yaadolee, ilaalchawwan namootni
kun qaban, akka waljijjiran gochuuti. Akkasumas Lue (2000) yoo ibsu, dhiyeessaan isaa
waliigaltee uumuunii fi si’aa’inaan hirmaachuun barattoonni hubannoo isaanii akka guddisan
gargaara. Adeemsa barattoonnii handhuura barnootichaa itti tahani dha.

Yaada hayyoota kanarraa wanti hubannu, malli barataa gidduu galeessa godhate, barattoonni
barnoota isaanii haala qabatama naannoo isaanii wajjiin walqabsiisanii akka baratanii fi
hirmaattotta adda duree tahuun akka beekumsa argatan ni ta’a. Kun kan ibsu, barattoonni
adeemsa baruuf barsiisuu keessatti si’aa’inaan akka hirmaatanii fi qabiyyee barataan
hubannoo duraan qaban waliin akka walitti fidan gochuudha. Haala kanaanis, barattoonni,
hirmaannaa si’ataa tahe kana keessatti beekumsa haaraa horatu. Yaada olii irraa akkuma
hubannu, barattootni daree keessatti ofii isaanii of kakaasuun waan baratan qabatama naannoo
isaanii waliin walqabsiisuun kan baratan yoo ta’e, hubannoo argachuu yaali godhu.
9

2.3. Faayidaa Mala Dhiheessa Barataa Gidduu Galeessa Godhate

Malli dhiyeessa barataa gidduu galeessa godhate, irra caalaa gareedhaan akka hojjetaniif
carraa waan kennuuf, adeemsa barachuuf gahee guddaa taphata. Bonwell fi Elison (2003), yoo
ibsan, malli barataa gidduu galeessa godhate, barnoota barattootaarratti hirmaannaa cimaa
waan qabuuf, adeemsa barachuu keessatti bu’uuradha. Qorannoowwan baay’een akka ibsanitti,
dhiyeessa barnoota hirmaachisaa tahe, walitti dhufeenya barataa fi mana barumsaa, barataa fi
barataa, bu’aa barumsaa, dandeettii waliigaltee, dandeettii yaaduu, hojii gareefi ilaalcha
barnootaaf qabanii ni dabala.

Barnoonni hirmaachisaa ta’e, keesumaayyuu barattoota dargageeyyiif harka caaluu


barbaachisaadha. Barattoonni dargaggeeyyiin, waan barataan jireenya isaanii waliin
walqabsiisuun waan haaraa iraa baratu, hiika qabessas ta’a. Wantoota yaadachuuf barachuurra
beekuuf barachuun gaariidha. Barnoonni hirmaachisaan beekumsa yeroo dheeraa argamsiisa.
Barnoonni hirmaachisaan hirmaannaa waan cimsuuf, barattoonni dandeetti waa yaaduu isaanii
sadarkaa gudaarra akka gahu isaan dandeesisa. Gochawwan walitti dhufeenya bu’aa qabeessa
ta`e akka fidaniif fayyada.

Dhiyeessan hirmaachisaa ta’e, akka barattoonni hawaasa dimookratawaa ta’e keessatti


hirmaatan isaan gargaara. Adeemsa barachuu bu’aa qabeessa ta’e dhugoomsuuf hirmaannaan
bu’uura ta’uusaa haala armaan gadiin ibsaniiru. Barnoonni dhugaan yaadachiisuu miti.
Wantoonni yaadannu, harkii caalaan salphaatti kan dagatamanidha. Barachuun waan barannee
yaadachuuf waan hunda funaanuu tahuu hin danda’u. Barattoonni xinxaluu qabu. Barachuun
kan dhufu haalota garagaraa keessatti miirotaan ibsamuuni.

Barnoonni hirmaachisaa yeroo tahutti, barattoonni gaaffilee deebisuuf yeroo hirmaatan, waan
haaraa tokko hubatu, rakkoo hiikuuf odeeffannoo argatu yookiin hojii hojjechuuf kallatti
argatu. Barataan mariin inni barattoota biroo waliin godhu akka hubatuu fi haala gaariin akka
baratu isa dandeessisa.Yaada kanarraa wanti hubatamu, malleen dhiyeessa mala barataa
gidduu galeessa godhate keessatti hammataman, barattootni qabatamaan akka barataniif
gargaara.
10

2.4. Dhiyeessa Mala Barataa Gidduu Galeessa Godhate Keessatti Gahee


Barsiisaa fi Barataa

Malli baruuf barsiisuu haala itti barsiifamu ofii qopheessuu kan jedhuufi qindaa’innii fi
gurmaa’inni daree keessaas, barsiisaarratti osoo hin taane, gocha barataa gidduu galeessa
godhachuurratti kan xiyyeeffatudha (Zewuden, 2005). Kun immoo, barattoonni barnoota
isaaniirratti itti gaafatamummaa akka fudhatan qofa osoo hin taane, fedhii nama dhuunfaas
ilaalcha keessa galcha.

Ibsa hayyootaa irraa waanti hubannuu, dur kan ture dhiheessa mala barsiisaa gidduu galeessa
godhate, barattoonni ofii tattaafatanii beekumsa akka hin arganne kan godhuu fi fedhii
barattootaarratti kan xiyyeeffate hin turre. Yeroo dhihootii as kan jalqabe, dhiyeessa mala
barataa gidduu galeessa godhate garuu, barataa bu’uura kan godhatee fi hojiin harki caalaan
kan hojjetamu barataan waan taheef, wantoota gadi fageenyaan akka hubatan taasisaan.

2.4.1. Dhiyeessa mala barataa gidduu galeessa godhate keessatti gahee barataa

Nunan (1988), dhiheessa mala barataa gidduu galeessa godhate, daree barnootaa keessatti,
gahee inni qabu akka armaan gadiitti ibseera. Barattoonni itti fayyadamaafi qopheessa
meeshaa deeggarsa barnootaarratti hirmaannaa cimaa godhu. Gaheen barattootaa gochaa fi
sadarkaa barsiisaa waliin sirritti kan walqabatedha. Kennuufi fudhachuurratti waliigaltee
uummatu. Dhaggeeffataa tahuurra, qabiyyee barnootichaa irratti xiqqaatus hordoffii taasisuu
danda’u. Barnootichaan guddina isaaniirratti itti gaafatamummaa akka fudhatan godhaan.
Jireenya hawaasummaa keessatti, hirmaannaa akka taasisan irraa eegama.

Barattoonni xinsammuu isaanii keessatti, adeemsi barsiisuu garagara tahuu hubatu. Dickison
(1987) wabeeffachuun yoo ibsu, malli barataa gidduu galeessa godhate, barattoonni yoo
barataan gochaalee raawwatan haala kanaa gadiin ibseera. Daandii jireenyaa kan mataa isaanii
barbaadu, odeeffannoo waa’ee itti fayyadama afaanii walitti qabu, hojjettoota cimoo ta’u, ofitti
amanamummaa horatu, mala yaadachuuf isaan fayyadutti gargaaramu, hojii dogoggora hin
qabne hojjechuuf yaalu, dandeettii xinqooqa isaanii fayyadamu fi qabiyyee irraa hubachuu
danda’u. Malli barataa gidduu galeessa godhate, barattootaaf dandeettii garagaraa haala itti
11

goonfachuu danda’an waan isaan qajeelchuuf, ofitti amanamummaan akka baratan isaan
taasisa.

2.4.2. Dhiyeessa mala barataa gidduu galeessa godhate keessatti gaheewwaa barsiisaa

Dhiyeessa kana keessatti, gahee barsiisonni qaban (Combs, 1997) yoo ibsu, barsiisonni
qabiyyee barnootichaa kan beekan, barattoota hunda waliin gareen kan hojjetanii fi akka
guddiftoota isaanitti ittigaafatamummaan kan itti dhagahamudha. Akkasumas, barattoota
isaanii kan kabajan, fedhii barattoota isaaniin kan gammadan, guddina beekumsa
barattootaarratti hirmaattota kan tahanidha. Kana malees, dhiyeessa kana keessatti, barsiisonni
ofitti amanamummaa kan qabaniifi dungoo beekumsa kan ibsan, barattoota isaaniif barachuuf
haala miijataa kan uuman, adeemsa barnootichaa dandeettii barattootaa waliin kan
walsimsiisan, yaadrimeewwan garagaraa kan walitti fidanidha.

Mala garagara fayyadamuun kan barsiisan, hordoffii gaarii tahe daree keessatti kan godhanii fi
dadhabina isaanii kan fudhatanidha. Malli barataa gidduu galeessaa godhate, dhiyeessa isaatiin,
gochaaleen daree keessatti raawwataman baay’inaan barattootaani. Adeemsa kana keessattis,
gochawwan barsiisaan raawwatu, barattoota jajjabeessuu, mari’achiisuu fi kakaasuudha.
Adeemsa hojii isaanii keessattis, barsiisaan rakkoolee isaan qunnamaniif kallattii furmaata itti
argatan agarsiisuun, garee keessatti hirmaachuun mari’achiisa.

Yaada kana cimsuuf, Wasyihun (2006) akkasitti ibsa: barnoota afaanii barattoota irratti
xiyyeefffachuun qindeessuun, waliigaltee uumsisuun, fedhii barattootaa hubachuufi baay’ina
madda odeeffannoo isaan barbaachisu hojiirra oolchuuf isaan gargaara. Kana malees,
barattoonni maal barbaadu? Maaliis godhu? Dandeettiin isaanii hangam? Gaaffiiwwan jedhan
deebisu. Barattoota dandeetti isaanii adda baasuuf, ramaduuf, madda odeeffannoo isaanii
karaa sirrii taheen fayyadamuufi cimsuuf, adeemsa barnoota barattootaa hordofuuf, akkasumas
hirmaanna isaanii cimsuun barnootarratti ilaalchawwan faayidaa qabeessa tahan kennuuf akka
isaan dandeessisu gargaraan jechuun barsiisaan dhiyeessa isaatiin gahee inni qabu ibseera.
12

2.5. Hojiirra Oolmaa Dhiyeessa Barataa Gidduu Galeessa Godhatee

Mala barataa gidduu galeessa godhate keessatti, barnooticha haala si’ataa ta’een kennuuf,
malleen baay’eetu jiru. Moore (2001) akka ibsetti, dhiyaannaan kana keessatti kan
haammatamanii fi barattoota si’ataa kan taasisan, malleen baay’een akka jiraniidha. Haata’u
malee, kan baratamanii fi yeroo baay’ee kan faayidaarra oolan hanga tokko ni ilaalamu.
Isaanis, mala argannoo, mala piroojektii, walgargaarsaan barachuu, mala gaaffii dhiyeessuu,
hojii garee, gaheetaphachuu, fi kkfdha.

Mala Argannoo Moore (2001) akka ibsutti, malli argannoo barataan gocha rakkoo hiikuurratti
hirmaachuun beekumsa yookiin dandeettii isaa karaa ittiin guddifatuudha. Barattoonis
dandeettii isaanii fayyadamuun, waantota haaraa karaa ittiin barachuu danda’an akka ta’e
dubbatu. Malli argannoo, faayidaaleen inni qabu; ICDR (1999) irratti ibsameera. Isaanis
kanneen armaan gadiiti; barattoonni kaka’umsa mataa isaaniitiin, bilisa ta’anii yaaduun,
beekumsa akka gonfataniif carraa kenna, barattoonni karaa itti beekumsa gonfatan akka
beekaniif garagaara. Kun hubannoo isaaniitiin odeeffannoo sassaabbachuu fi gurmeessuun
beekumsa argachuu agarsiisuu fi, barnootichi caalaatti fudhatama akka qabaatuf, sammuu
barattootaa keessatti akka hafuu fi haarawaa akka ta’u gargaara, kaka’umsaa fi fedhii dabala,
barattootaaf bilisummaa kennaa fi waliigalteen walii isaanii gidduu akka jiraatu gargaara.

Mala Pirojektii Abdurahamaan (1983) akka ibsetti, malli proojektii, barattoonni daree yookiin
mana barumsa tokkoo haala naannoo isaanii waliin ta’uun kan ittiin xiinxalaniidha.
Qorannichi kan adeemsifamus, barsiisaan dura bu’uun, barattoonni immoo hirmaattota
ta’uunidha. Itti aansuunis, adeemsa barnootichaa haala kamiin akka qindeessuufi mala kanatti
fayyadamanii barsiisuun faayidaa inni kennu ibseera. Hojii pirojektii kanaaf, barsiisaan
jalqaba barattoota daree tokkoo yookaan barattoota mana barumsaa qindeessa. Achii booda,
barsiisaan barattoota garee xixiqqootti qooda.

Mata dureewwan qo’ataman, akka fedhii fi umurii barattootaatti addaan baasee garee sanaaf
qooda. Pirojektoonni kennaman, yeroo dheeraaf yookaan gabaabaaf (torban sadii hanga shanii)
keessatti hojjetamanii kan xumuraman ta’uu danda’u. Barsiisaan hojiin pirojektichaa akkamitii
akka raawwatu kaayyoon galmaan akka ga’u maal gochuu akka qabu karoorfachuu qaba.
13

Kaayyoon pirojektichaa salphaatti barattootaan kan hubatamu ta’uu qaba. Barattoonni


pirojekticharratti hirmaatan hojicha jalqabuun dura karooricha sirriitti beekuu qabu.
Pirojektichis barattoonni akka qoratanii waan haaraa argatan kan godhuufi rakkoolee naannoo
isaanii akka hiikan kan godhu ta’uu qaba.

Malli piroojektii, jireenya waliin walqabatiinsa kan qabu gocha barachuu yoo ta’u, barattoonni
dhuunfaan yookaan gareen ta’anii rakkoolee kan itti qorataniifi furmaata kan itti argataniidha
(ICDR, 1999). Hojiin piroojektii, faayidaalee garaagaraa qaba. Jalqaba, barattootni karoorfa-
chuufi gochaan raawwachuu shaakalu. Akkasumas, rakkoolee naannoo isaanii wajjiin walbaru.
Adeemsa hojichaa keessattis, meeshaalee hawaasichaaf fayyadan akka oomishaniifi yaadolee
fayyadan akka dhiyeessan carra kennaafi. Walumaagalatti, sababa hojii piroojektiitiin sirna
barnootaa fi jireenya hawaasaa naannoo barattoota sanaa wajjiin walitti firoomsuuf carraan
gaarii argama.

2.6. Dhiyeessa Mala Baruu Barsiisuu Barataa Gidduu galeessa


Godhaterratti Wantoota Gufuu Ta’an

Hayyuuleen garagaraa, waa’ee wantoota rakkoo ta’anii yaadolee adda addaa kaahaniiru.
Yaadoleen kunneenis ilaalcha barsiisaa barsiisonni, mala baruuf barsiisuu haaraa kana
fudhachuu dhiisuu danda’u. Kunis, sababa kitaabni barnootaa mala kana barsiisuuf qophaa’e
miijataa ta’uu dhabuu, waa’ee mala baruu barsiisuu kanaa hubannoo dhabuu, walitti
dhufeenya gaarii barattoota waliin uumuu dhiisuufi kkf dha.

Leenjii dhabuu barsiisotaa malli barsiisonni itti leenji’aniifi dhiheessa barnoota barataa gidduu
galeessa godhate keessatti raawwatamu, yoo wal hinsimu ta’e, gocha raawwatamuu fi
barsiisaa gidduutti waliigalteen dhabama. Kun immoo gochi raawwatamu akka hin miilkoofne
taasisuu danda’a (Tudor, 1996). Mala baruu barsiisuu kanaaf gufuu kan tahan keessaa tokko,
meeshaaleen miijatoo dhabamuudha. Kitaabileen barnootaa baay’ina barattootaa waliin
walsimuu dhabuun, fakkiileen, poostaroonni, chaartonni fi kkf dhabamuun, hojiirra oolmaa
mala barataa gidduu galeessa godhate irratti gufuu akka ta’uu danda’u ibseera.
14

Barsiisonni daree tokko keessatti barattoota walitti dhiphisanii kan barsiisaan yoo ta’e,
kaayyoo barbaadame bira ga’uuf rakkoo uumuu danda’a. Sababbiin isaas, malleen barsiisuu,
kan akka hojii garee, piroojektii, rakkoo hiikaa, gahee taphachuu hojiirra oolchuuf rakkatu
jechuun ibseera. Daree lakkoofsi barataa xiqqoon jirutti barsiisuun, malleen barachuu adda
addaa hojiirra oolchuuf, barattoota hirmaachisuuf, hirmaannaa tokkoon tokkoon barattootaa
madaaluuf dandeessisa jechuun kaa’eera.

Mala baruu barsiisuu hojiirra akka hin oolle gufuu kan itti ta’an keessaa tokko, haala naannoo
waliin kan walqabatanidha. Mala barataa gidduu galeessa godhate hojiirra oolchuuf bakka
miijataa, haala qilleensaa gaarii qabaachuu qaba jechuun ibseera. Yeroon barsiisuuf kennamu
hanqina yoo qabaate, mala ittiin barsiisuun barbaadamu filatanii fayyadamuun rakkisaa ta’a.
Barsiisuuf yeroon gahaa yoo jiraate, malli barataa gidduu galeessaa godhate hojiirra ooluu
danda’a.
15

3. XIINMALA QORANNOO

Mata duree kana jalatti qabxiileen kanneen akka ibsa naannoo qorannichaa, saxaxaa
qorannichaa, madda ragaalee, iddattoofi iddatteessuu, meeshaalee funaansa ragaalee, mala
qaccessa rgaalee fi naamusa qorannichaa hammatamanii akkaataa itti aanuun dhiyaataniru.

3.1. Ibsa Naannoo Qorannichaa

Manni Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa bara 2006 hundeefamee. Yeroo ammaa kanatti
barattoota kutaa 9ffaa hanga 12ffaa tti barsiisaa jirachuun baay’inna barattootaa 2059 barsiisaa
jira. Manni Barumsa Baatee Sadarkaa Lammaffaa haalli teessuma lafa ishee irra caalaan
diriiraa fi lafa olka’insa qaburratti kan argamtudha. Haalli qilleensa ishee qilleensa baramaa
badda daree kan ta’edha. Argamni mana barumsichaa karaa kaabaan aanaa Haramaayaa, karaa
kibbaan bulchiisa magaalaa Haramaayaa, karaa bahaan bulchiisa magaalaa Haramaayaa fi
karaa lixaan bulchiisa magaalaa Haramaayaa daangeffamtee argamti. Manni barumsa kun
daree barnootaa kudha shan, mana kitaaba tokko, kutaa yaalii (labiraatoorii) lama, biiroo dura
bu’aa tokko, biiroo itti aanootaa tokko, mana galmee tokko, mana waardiyaa tokko, mana
fincanii barsiisota dhiira afur, mana fincaanii barsiisotaa dhalaa afur, mana fincaanii barattoota
dhiraa afur fi mana fincaanii barattoota dhalaa afur kan of keessaa kan qabudha.

3.2. Saxaxa Qorannichaa

Saxaxa qorannoo yommuu qopha’u duraan dursee akaakuu mala qorannoo qorataan itti
dhimma bahee beekamuun qaba. Saxaxa qorannoo gahumsa qabu filatanii qopheessuun
malleen filatamanii fi odeefannoowwan walitti qabaaman qorannoo ifaa fi amanamaa ta’e
akka argamsiisuuf akkasumas yaadiddama qorannoo sana madaaluu keesaatti gahee olaanaa
kan qabudha. Qorannoo kana odeeffannoo funnaanuufis ta’e qaaccessuuf haala inni
lakkoofsaan ibsuu danda’uun dhiyeessuudha. Lakkoofsichi ammo gabatee, dhibbantaa fi
giraafii irratti hundaa’uun kan ibsamuudha.

Saxaxni qorannoo kanaa ibsarratti kan hundaa’uu fi ibsi taasifamus walitti dhufeenya
jijjiiramoota gidduu jiru addaan baasuurratti xiyyeeffata. Sababni isaas qorannoo tokko
keessatti gargaaramuun hundarra gumaacha guddaa waan qabuuf, milkaa’ina, amanamummaa,
16

qabatamummaa fi cimina qorannootiif murteessaadha. Yaada kanarraa wanti hubannu, malli


kun gadi fageenyaan xiinxaluudhaaf humna qabaachuu fi hubannoo bal’isuuf haala kan
mijeessu ta’uu isaati. Qorataanis, mala saayinsawaa kanatti dhimma bahuun hojii qorannoo
isarratti kan fuulleffatu ta’a. Kanaafuu, qorannoo kana keessatti, akkuma odeeffannoon
argameen duraaf duubatti deemuun xinxaluun ni danda’ama. Ragaaleen akkamtaan argame
kunis, jecha irratti hundaa’uun mala addeessaatiin yookiin ibsaatiin kan dhiyaatu ta’a.
Kanaafuu, jechoonnii fi akkaataan itti fayyadama keenyaa, dhimmi sun waan barbaadameef
hojiirra oolchuurratti gahee guddaa taphatu. Qorannoon hammamtaa garuu, lakkoofsatti
fayyadamuun “ammamii?” kan jedhu hammamtaa wantoota lakkoofsaan ibsuudha.

3.3. Madda Ragaalee

Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaa fi maddi ragaa lammaffaati. Maddeen
tokkoffaan, barsiisaa fi barataa waa’ee hojiirraa oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu
galeessa godhaterratti hubannoo qaban yoo ta’uu, odeeffannon kunis kan funaanamu kallattiin
dhiyaachuudhaan ta’a. Maddi ragaa lammaffaan madden barreeffamaan jiran, kanneen akka
kitaaba barataa, sileebesiin, maxxanfamanii fi hin maxxanfamne, dhimma biroof yaadannoo
barsiisotaa fi baratootaa irraa odeeffannoo mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhate hojirraa oolmaasaa ilaallataniidha. Maddi ragaa tokkoffaa fi lammaffaa qorannoo
kanaatiif barbaachisoo waan ta’eef ittiin fayyadama (Filee, 2019).

3.4. Iddattoo fi Iddatteessuu

3.4.1. Iddattoo

Barattoota kutaa 9ffaa Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa hundaarraa odeeffannoo
funaanuun waan rakkisuuf, barsiisotaa fi barattoota keessaa iddattessoon filatameera.
Hubannoo fi muuxannoo qorataan Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa keessatti
qabuurraa kan ka’e manni barumsaa kun filatameera. Manni barumsa kunis, barattoota kutaa
9ffaa daree shan qaba. Barattoonni daree tokko keessatti bara 2013 tti galma’uun barataan,
lakkoofsaan 91 yoo ta’n, barattoonni daree ja’aa walitti qabaan 455 ta’uniidha. Isaan keessaa
barattoonni 120, mala carraa tasaatti gargaaramee filatamanii odeefkennitoota qorannoo kanaa
ta’aniiru.
17

Gama biroon immoo, barsiisota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa barsiisaan 3 akkuma mala carraa
alaa hammargeetti hundaa’uudhaan irraa odeefachuuf filadhee kan ragaa irraa funaannadheera.
Akka waliigalaatti namoota daangaa qorannichaa keessa jiran keessaa kanneen ragaa kennuu
danda’an barattootni 120 fi barsiisotni 3 hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu
galeessaa godhaterratti ragaa kennaniiru.

3.4.2. Iddatteessuu

Qorannoon kun yeroo gaggeeffamu odeeffannoo argachuuf barattootaa fi barsiisota Afaan


Oromoo barataafi barsiisaa jiran hunda irraa ragaa funaanuun rakkisaa waan ta’eef iddattoo
filachuun dirqama. Sababiin isaas qabeenyaa fi humna namaa guddaa waan gaafatuuf. Rakkoo
akkasii haambisuudhaaf ammo bakka iddattoo filachuun dirqama ta’eera. Haaluma kanaan
baay’ina baratoota mana barumsa Baatee Sadarkaa lammaffaa kutaa 9ffaa A-C barataan dhiira
69 fi dubara 51 keessaa iddatteessuun carraan kan hojirraa ooledha. Sababiin qorataan mala
iddatteessuu kana filatteef tooftaan kun bakka bu’insa baay’ina barattoota waliigala
dhugummaan isaa qabatamaa waan ta’eefidha.

Qorataanis iddatteessuu carraa keessaa mala carraa tasaatti kan dhimma bahe yoo ta’uu, kunis
akkaataa teessuma isaaniin baratoota teessummaa sadii sadiin darbuun barattoonni lama lama
kan filatamaniidha. Kanaafuu qorataanis baay’ina kutaalee jiran shan (5) keessaa barattoota
dhibbaafi digdamaa (120) (% 26.37) iddattoodhaaf kan filate dha. Sababni guddaan qorataan
iddaattoodhaaf baratoota dhibbaafi digdaamaa (120) qofaa filateefis baay’inni bargaaffilee
sanaa ol yoo ta’e odeeffannoowwan funaanaman sakkata’uuf yeroo dheeraa kan barbaaduu fi
baajata hedduu kan barbaadu waan ta’eefi dha. Dabalataanis barsiisota mana barumsichaatti
barnoota Afaan Oromoo barsiisaan waliigala sadii (3) keessaa mala hammargeetti dhimma
bahuudhaan barsiisota sadeenu hirmaachiseera.

3.5. Meeshaalee Funaaname Ragaalee

Qorannoo kana gaggeessuuf, mata dureen kun hojiirra oolmaa mala baruu barsiisuu barataa
gidduu galeessaa godhate sakatta’u fi xiinxala kana galmaan gahuuf dandeessisan,
18

meeshaaleen odeeffaannoon ittiin funaanaman akka afgaaffii, bargaaffii fi daawwannaatti


hojiirraa oolaniiru.

3.5.1. Afgaaffii

Afgaaffiin mala qorataan odeefkennitoota waliin fuulaafi fuulatti wal arguun odeeffannoo
qorannoo isaatiif barbaadu afaaniin gaafachuun funaannateedha. Barsiisotaa haala itti
fayyadama mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate hojirraa oolmaasaa
hubaachuuf manni barumsaa kun filatameera.

Malli kun odeeffannoo funaanuuf kan qorataan gaaffilee isaatiif deebii naaf argamsiisu jedhee
yaade qopheeffateedha. Gaaffilee qophaa’an kunis kaayyoo qorannichaa hojirraa oolmaa mala
baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate sakatta’uudhan deebisuuf kan gargaaraniidha.
Haaluma kanaan gaaffilee cufaa kudhaan (10) iddattoowwan barsiisota filataaman sadiif (3)
dhiyaataniiru.

Ragaan kunis yaadannoo qabachuun kan funaanamedha. Sababni qorataan mala odeeffannoo
funaansa ragaa kanaa filateefis, gaaffileen gaafataman fuulaa fi fuulatti waan adeemsifamaniif
walhubachuuf salphaa ni ta’a. Malli kunis kan salphatu ilaalchaa fi fedhii namaa hubachuuf
mijataa waan ta’eef adeemsa gaaffii fi deebii keessatti wanti hin kaane yoo jiraate qorataan
gaaffii dhiyeessuu qabu sana irra deebi’uun ifa taasisuu ni gaafata.

3.5.2. Bargaaffii

Bargaaffiin odeeffannoo qabataamaa namoota hedduu irraa yeroo gabaabaa keessatti


argachuuf bifa barreeffamaan qophaa’ee qaamolee ragaa kennaniif kan raabsamu yoo ta’u
bargaaffileen dhiyaatan kunneenis baratootaaf raabsamaniiru. Bargaaffinis sirriitti qindaa’ee
qophaa’uun barattootaaf raabsaamuun ragaan ittiin funaanmeera.

Gosti bargaaffilee qoophaa’an kunis gaaffilee cufaa dha. Sababiin guddaan qorataanis
bargaaffilee itti fayyadamuu filateef odeeffannoo funaannatee yeroo gabaabaa keessatti
odeeffannoo bal’aa ta’e argachuuf, akkasumas odeeffannoo bilisaan funaannachuuf, namoota
qaamaan arguu hin dandeenye biraa qaqqabsiisuun waan danda’amuufi sodaa tokko malee
19

akka yaada isaanii ibsaniif mijataa waan ta’eef. Bargaaffiin meeshaalee odeeffannoon ittiin
funaanaman keessaa, eenyummaa nama sanaa waan hin gafanneef, odeefkennitootni miiraa itti
dhagahame akka barbaadanitti ibsachuuf, meeshaa filatamaa tahedha.

Bargaaffiin qorannoo kanaaf qophaa’aan gaaffii cufaa 10, barattoota 120f kan dhiyaatedha.
Haaluma kanaan, meeshaa funaansa ragaalee kanatti dhimma bahuu danda’eera. Kaayyoon
galma gahuuf karoorfaman: Mana Barumsa Baatee Sadarkaa Lammaffatti barnoota Afaan
Oromoo kutaa 9ffaa keessatti hojiirra oolmaa mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessaa
godhate sakatta’ufi xiinxaluu jedhaniifi malli barsiisaan kutaa keessatti dhimma itti bahu maal
akka ta’e adda baasuun addeessuufi, wantoota kutaa keessatti gufuu ta’an adda baasuun
tarreessuun sakatta’uun ibsuu kan jedhan ta’u.

3.5.3. Daawwannaa

Qorannoo kanaaf, adda durummaan meeshaa odeeffannoon ittiin funaanamu daawwannaadha.


Daawwannaan qorataan odeeffannoo funaanuuf, namoota odeeffannoo irraa funaanu wajjiin
tahuun naannoo hojii isaanitti argamuun wanta godhaniifi dubbatan dhiyeenyatti ilaalaafi
dhagahuun mala kanaan odeeffannoon guurameera. Haaluma kanaan, qorataan, maaltu akka
dareetti hojjetamu, akkamittii akka hojiirra oolu fi haala jiru hundaa odeeffannoo gahaa fi
qabatamaa tahe meeshaa itti funaanatudha (Yalew Endawok, 2004). Kunis, cheekliistii
daawwaannaa qopheessuun, hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhate sakkata’u fi xiinxalu keessatti qorataan mala kana fayyadamuun daree barnootaa
kutaa 9ffaa seenee guca mirkaneeffannaa daawwannaa qopheeffatee, daawwannaa daree kutaa
sadeenu seenuun yeroo shan shan adeemsisuu danda’eera.

Kaayyoowwan qorannichaa keessaa wantoonni galmaa ittiin gahamuuf taasifaman keessaa


daawwannaanis taasifameera. Tooftaan malli barataa gidduu galeessa godhate hangam
silabasiifi qajeelcha barsiisaa keessatti akka dhiyaatu ibsuu, barsiisaan daree keessatti hangam
malli baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate fayyadame akka barsiisuu addeessu,
haalli malli barataa gidduu galeessa godhate barsiisuu kutaa keessatti maal akka fakkaatu
ibsuufi dhimmota malli barataa gidduu galeessa godhate gufuu ta’aniif furmaata adda baasuu
eeruun sakatta’uunii fi xiinxaluun ibsameera.
20

3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee

Adeemsa raawwii qorannoo keessatti odeeffannoo funaanuun qofti gahaa kan ta’uu miti.
Odeeffannoo afgaaffii, bargaaffii fi daawwannaan daree funaanamee haala mata duree
qorannichaa waliin deemuu danda’uun qaacceessuun argannoo qorannoo kanaa bakka itti
xiinxalamee fi dhugoomedha. Malleen akkamtaa fi hammamtaa kan xiinxalame ta’a.
Ragaaleen bargaaffii fi afgaaffii funaanaman gaaffilee cufamoon gabatee keessatti mala
hammamtaan cuunfamaniiru. Ragaaleen daawwannaan funaanaman immoo mala walmakaa
kana keessatti odeeffannoowwan akkamtaa fi hammamtaadhaan meeshaalee adda addaan
walitti qabamaan walitti makuudhaan yookiin walkeessa fiduudhaan kan ittiin qaacceffamedha.

Yaada kanas Creswell (2009) yommuu balballoomsu, wantonni dhibbeentaan argaman ibsa
gahaadhaan ni xiinxalamu. Akkasumas, odeeffannoowwan afgaaffiidhaan walitti guuraman
immoo mata duree walfakkaataniin bargaaffii waliin iddoo tokkotti ibsuun xiinxalamaniiru.

3.7. Naamusa Qorannichaa

Qorannoo tokko gaggeessuufi milkeessuuf haalli dhiyeenya qorataa murteessaadha. Haala


kana keessatti barattootaa fi barsiisota yaada isaanii hubachuun hojjeechuun murteessaadha.
Haaluma kanaan akkaataa hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa giddu galeessa
godhate: mana barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa irratti
xiyyeeffachuun odeefkennitootaan waliigalee hojjechaa tureera. Adeemsa kana keessattis,
qorataan argannoo qorannoo isaa milkeessuuf iddoowwan adeemsa fi iddoo hojii isaaniitti
argamuun odeefkennitoota waliin haasawaa odeeffannoo isaan kennan funaannateera.

Dabalataan, hojjirraa oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate: Mana
Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa irratti xiyyeeffachuun
barattootaa gaafachuun bifa suuraan aadaan ummata kanaa akka mul’atuuf qorataan kan
eeyyamsiisamee suuraan isaanii kan qorannoo kanaa keessatti kaa’amedha. Hojiiwwan kanas,
ragaawwan sagaleefi kaameraan waraabaman dhaggeeffachuufi ilaaluun gara barreeffamatti
jijjiiruun ragaaleen haala walfakkaataniin iddoo garagaraatti gurmeessuun qoqqoodamee
qaacceffameera.
21

Qorannoon kun boqonnaa shanitti qoodamee kan geggeeffame yoo ta’u, boqonnaa tokkoffaan
keessatti: Seensa, ka’umsa qorannichaa keessatti gaaffilee bu’uuraa qorannichi ni deebisa
jedhamee yaadaman dhiyaataniiru. Kaayyoon qorannichaas, dhiyaatanii jiru. Faayidaan
qorannichaas, bu’aawwan qorannicha irraa ni argamu jedhamee yaadamu tarreessuun kan
qindaa’e yoo ta’u, daangaafi hanqinni qorannichaas duraa duubaan dhiyaataniiru. Boqonnaan
sadaffaa xiinmala qorannichaa yoo ta’u, maddi ragaalee, malli filannoo iddattoofi iddatteessuu,
malli funaansa odeeffannoofi meeshaaleen funaansa odeeffannoo, mala qindaa’inaa fi
qaaccessa ragaalee dhiyaataniiru. Boqonnaa afurraaffaa keessatti dhiyaannaan, argannoowwan,
dhiheessaa sakatta’a fi xiinxala ragaalee hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa giddu
galeessa godhate: Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa
irratti xiyyeeffateera. Boqonnaa shanaffaa keessatti qindaa’ee dhiyaateera.
22

4. DHIHEESSA SAKATTA’AA FI XIINXALA RAGAALEE

Adeemsa qorannoo tokko keessatti ragaaleen karaa adda addaatiin funaanamaan mata duree
adda addaa jalatti ramadamanii dhi’aachuun hiika argachuun barbaachisaadha. Haaluma
kanaan ragaaleen bargaaffii barattootaa, afgaaffii barsiisotaafi daawwannaa daree keessatti
raawwatame irraa ragaaleen argaman mata dureewwan adda addaa jalatti xiinxalamuun ibsi
itti kennameera. Ragaaleen karaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate irraa
argaman, gabateewwan adda addaa keessatti mata dureewwan xixiqqaatti qoqqooduun erga
qindaa’aniin booda tokkoo tokkoon gabateewwan kanneen jalatti ibsii fi hiikni ga’aan karaa
ifa ta’een itti kennamee jira.

Ragaaleen dhimma hojiirraa oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate
sakatta’uun, Afaan Oromoo kutaa 9ffaa kaayyoo qorannichaarratti hundaa’uun erga sakattame
fi xiinxalame booda ibsameera. Booda, ragaaleen karaa bargaaffii barattootaafi afgaaffii
barsiisota Mana Barumsaa Baatee sadarkaa lammaffatiin argaaman immoo, kanuma jalatti
kanneen yaanni isaanii walfakkaatan qindeeffamanii jiru.

4.1. Xiinxala Ragaalee Harshammee

Kutaa kana keessatti ragaaleen sanada afgaaffii, bargaaffii fi daawwannaa dareetiin


funaanamun dhiyaataniif xiinxalamanidha. Haala adeemsa dhiyaatanis xiinxala ragaalee
kanaas akkaatuma duraa duuba walitti dhiyeenya isaaniitiin tokko tokkoon addaan bahanii kan
xiinxalamanniiru.

4.1.1. Xiinxala ragaalee afgaaffii, bargaaffii fi daawwannaa

Kunis odeeffannoo dhugaa fi qabatamaa ta’e kan ittin argamuu fi odeeffannoo karaalee
afgaaffii, bargaaffii fi daawwanna daree ittiin funaanamuu danda’amen kan ittiin
mirkanaa’anii fi dhugummaan isaanii qabatamaan kan ittin mul’ataniidha. Kanaafuu, hojiirra
oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate keessatti haala itti fayyadama
gareen barachuu isaani itti funaanameedha.
23

4.1.2. Xiinxala Ragaa Irraa Funaanname

 Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa


 Maqaa barsiistuu Maabiraate Bayeechaa
 Gosa barnootaa barnoota Afaan Oromoo
 Kutaa 9ffaa A, B fi C

Gabatee 1. Duubee Odeefkennitoota Barsiisota

Odeeffannoon Afgaaffii Barsiisotaa Irraa Guurame Akka Armaan Gadiitti Qindaayeera.

Umurii Sadarkaa Barnootaa Muxannoo

26-30 31-35 36-40 Dip Digir MA 1-10 11-20 21-30 30 ol


ii
Saala Dhalaa 1 1 1 - 2 1 - 2 1 -
Dhiira - - - - - - - - - -
Ida’ama 1 1 1 - 2 1 - 2 1 -

4.1.3. Duubee Odeefkennitoota Barattootaa

Qorannoo kanaaf barattotni odeeffannoon irraa funaaname barattoota kutaa 9ffaa bara 2013
Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa kana keessatti kutaa 9ffaa hangaa kutaa 12ffaa
baay’ina barattoota 2011 barachaa jira. Odeeffannoon duubee kan odeeffannoo kennaan
barattoota Mana Barumsa Baatee Sadarkaa Lammaffaa kutaa 9ffaa dhiira 69 fi durbara 41 yoo
ta’an, walumaagalatti, barattoonni 120 kan ragaan irraa walitti qabame gaaffilee qorannoofi
afgaaffiifi dawwannaa daree baratoota irraa kan walitti qabameedha. Barattonni ragaan irraa
walitti qabame kunniinis, umuriin isaani waggaa 15-25 gidduutti kan argamanidha.
24

Gabatee 2. Odeefkennitoota Barattootaa Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa, Kutaa


9ffaa

Daree Umurii Ida’ama %dhaan


A B C 15_18 19_21 22_25
Saala Dhiira 25 16 28 21 45 3 69 57.5
Dhalaa 14 16 21 27 23 1 51 42.5
Ida’ama 39 32 49 48 68 4 120 100
Parsantiidhaan 32.5 26.67 40.83 40 56.67 3.33

Gabatee 3. Odeefkennitoota Barattootaa Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa, Kutaa


9ffaa Dareedhaan

Qoodinsa(Dareedhaan) Baay’ina Parsantiidhan(%)


Daree A 39 32.5
Daree B 32 26.7
Daree C 49 40.8
Waliigala 120 100
25

Gabatee 4. Odeefkennitoota Barattootaa Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa, Kutaa


9ffaa Umuriidhaan

Qoodinsa(Umuriidhaan) Baay’ina Parsantiidhaan (%)


15_18 48 40
19_22 68 56.7
23_25 4 3.3
Waliigala 120 100
26

Gabatee 5. Odeefkennitoota Barattootaa Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa, Kutaa


9ffaa Saalaan

Saalaa Baay’inna Parsantiidhaan

Dhiira 69 57.5
Dhalaa 51 42.5
Waliigala 120 100
27

4.2. Hojiirra Oolmaa Mala Baruu Barsiisuu Barataa Gidduu Galeessa


Godhate.

Gabatee 6. Gaaffilee Raawwii Barattootaan Walqabatan

Gaaffilee Safartuu

Gidduga
ol-aanaa

Olaanaa

Daraan
Daran

aanaa

aanaa
leessa

Gad-

gad
Lakk

Lakk

Lakk

Lakk

Lakk
%

%
.

.
1. Malli baruuf barsiisuu - -
barataa gidduu galeessa
23 19.2 28 23.3 24 20 45 37.5
godhate hammi itti
gaggeeffamuu
2. Danqaalee mala barataa - -
gidduu galeessa godhate
hojiirra oolchuu keessatti 7 5.8 30 25 37 30.9 46 38.3
barsiisota muudatan
seecca’uu
3. Rakkoo hojirra oolmaa mala - -
baruuf barsiisuu barataa
gidduu galeeffate hojiirra 10 8.3 24 20 37 30.8 49 40.8
oolchuuf gufuu ta`aniif
furmaanni kennamee
4. Mala baruuf barsiisuu - -
barataa gidduu galeessa
7 5.8 34 28.3 33 27.5 46 38.3
godhate keessatti hojii
dareen hammi madaalamtan
5. Mala baruuf barsiisuu - -
barataa gidduu galeessa
14 11.7 21 17.5 42 35 43 35.8
godhate hammi barattoonni
fayyadaman
6. Hami barattoonni deebii 47 39.2 - -
akka deebiisaaniif barsiisaan 10 8.3 21 17.5 42 35
carraa kennu

Akka gabatee 6. kanarraa ibsametti gabaticha keessatti gaaffii 1ffaa, malli baruuf barsiisuu
barataa gidduu galeessa godhate hammi itti gaggeeffamuu kan jedhuuf, yeroo barsiisaan
fudhatu mala barataa gidduu galeessa godhateen barsiisfamuun yoo madaalamu, haala nama
ajaa’ibsiisuun, kan barsiisaan fudhatuu caala. Dhibbeentaa barattoonni godhatan yoo ilaalamu
28

odeef-kennitoonni 23 (%19.2) daraan olaanaadha, odeef-kennitoonni 28(23.3) olaanaadha;


odeef-kennitoonni 24 (%20) jidduu galeessadha, odeef-kennitoonni 45(%37.5) gadi aanaadha
akka ta’e kan agarsiisuudha. Kanaafuu, akka waliigalaatti, dhibbeentaan gara 37.5 barsiisaan
gahee isa itti dalagatu kan mala baruuf barsiisuu barsiisaa gidduu galeessaa godhatee
barsiifamuu yeroo dheeraa fudhateera.

Barsiisonni Mana Barnoota Baatee Sadarkaa Lammaffaa Afaan Oromoo barsiisaa jiraan
gaheen barattoota akka galmaan hin geenyeef hubannoon isaan akka hin gabbifanne
godhameera. Mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen barnoota afaanii
yommuu barattaan, akka barattoonni suuteyyiifi ija laafeyyiin ofitti amanamuummaa hin
horataniif isa kophaa kophaatti hojjetanii fooyya’anii akka argaman gochuun waan
jajjabeeffamu ta’u hin qabu.

Itti dabaluunis, barsiisaan hojii garee kan kennu, yeroo barsiisuun isa jibbisiisu yookiin
immoo dadhabu ta’uu ibsanii, hojii mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen
yeroo barsiisuu keessa deemee waan hin to’anneef, barattootni hojii dhuunfaa isaanii kan
hojjetan tahuu ibsaniiru, mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen barsiisuun,
waliin hojjechuun walitti dhufeenya isaaniiratti, wantoota qaacceessuurratti, gadi fageessanii
yaaduurratti fi qindeessuurratti ga’umsa akka horatan taasisa.

Kana galmaan ga’uufis akka barattoonni falmii, marii fi kkf keessatti qooda fudhachuun
yaadaan morman, deeggaran, akkasumas, yaada wal jijjiiran taasisuutu barsiisaarraa eegama.
Adeemsi itti dhiyaachuu qabu ammoo barattoota qabxii olaanaa qabanii fi qabxiin isaanii
gadaanaa ta’e, dhiiraa fi dhalaa akkasumas magaalaa fi baadiyyaa jiraatan waliin makuun
odeeffannoo barbaachisaa ta’e kanneen akka mariyaataan taasifamu qaba, waan barreeffamee
fi kkf walitti qabachuun mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen akka
dhiyeessan taasifamuu qabu.

Odeeffannoo kanarraa ka’uudhaan, ergaalee adda addaa mala baruu barsiisuu barataa gidduu
galeessa godhateen barsiisfamuun faana deeman keessaa hojiilee adda addaa kan akka ibsuu,
deebii deebisuu, barreessuu, sirreessuu fi kkf mara kan dalagu barsiisaa waan ta’eef
29

akkasumas, shaakalli barattoota yeroo muraasa qofa wanta fudhatuuf malli kun kan barsiisaa
bu’uurefateedha.

Galmi barnoota mala barataa gidduu galeessa godhateen barsiisfamuu maqaasaa haalaan
beekuu qofa yoo ta’u kunis barnoonni barataa gidduu galeessa godhatee kutaatti barattootaan
yookiin barattoota fi adeemsa mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatetti
adeemsifamu kan hin jirredha. Gaheewwan barsiisaa fi barattootaa adeemsa baruu fi barsiisuu
barataa gidduu galeessa godhate hammi itti gaggeeffamuu kan jedhuuf, barsiisaan yeroo
hedduu kan fudhatu yadannoo barreessuu fi ibsa isaa laachuudha.

Gahee yaadannoo barreessuufi ibsa isaa laachuutti aansee yeroo dheeraa kan fudhatu
gilgaalota, hojii manee fi hojii daree siirreessuudha. Akka gahee barsisaatti kan fudhatu
barattoonni mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatee akka shaakalan gochoota
kutaa adda addaa dalagsiisuudha.

Daawwaannaa dareen walqabatee bargaaffii banaa 1ffaa barsiisaan keessan irra caalaa daree
keessatti barnoota mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen barsiisfamuu
fayyadamu? Sababa isaan mala kana filataniif ibsaa jedhuuf barattoonni deebii walfakkaataa
laatanii jiru. Barsiisaan, akka barnoota mala barataa gidduu galeessa godhateen barsiisfamuu
gargaaramuudhaan nu hin barsiifne ibsanii yaada bargaaffii cufaa irratti morman sana
mirkaneessanii jiru. Hojiirraa oolmaa mala barataa gidduu galeessa godhateen barsiisamu
bakka guddaa haa qabatuyyuu malee, sababa rakkoolee garagaraatiin kan ka’e barattootni
yeroo baay’ee mala kannatiin akka hin baranne ta’uun hubatameera.

Kanarraa wanti hubatamu, hojiirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhatee barattootaaf yemmuu kennamuufii tokkoon tokkoon isaaniif gaheen yeroo tokko
tokko qofa kan kennamu ta’uusaati. Haa ta’u malee, hojii garee keessatti barattootni hundi
kaka’umsa yoo qabaatan fedhiin akka itti dhagahamu godha. Hawwiin hojii itti kennameef
kana bahuuf, hojii garee kennameefii xiyyeeffannoon hojjetu. Kun immoo, hirmaannaan daree
keessatti godhan caalatti akka dabaluuf gahee guddaa qabaachuu isaa mirkanaaheera. Sababni
isaan mala kana filataniifis wayitiin barnoota Afaan Oromoof kennameefi qabiyyeen kitaaba
barnoota Afaan Oromoo waan wal hin simneef mala barataa gidduu galeeffatetti fayyadamanii
30

nu hin barsiisaan jechuun yaada olitti ka’e mirkaneessuu isaanii hubachuun danda’ameera.
Kunnis alkallattiidhaan si’aayina barattootaa irratti midhaa guddaa kan fiduudha.

Akka gabatee kanarraa hubachuun danda’amutti, barsiisonni hedduun mala baruu barsiisuu
barataa gidduu galeessa godhatee kana hojjechiisuuraatti rakkina qabu. Odeeffannoon kun isa
daawwii kutaatin tokko yoo ta’u, deebii barsiisotaatinis xiqqoo walfakkata. Haa ta’u malee,
Xiinxala gaaffii kanaarraa waanti hubatamu, barattoonni irraa caalaan waan mormaniif,
barsiisaan mala kana hojiirra oolchuudhaaf dandeettii barattoota hundaa, tokkoo tokkoon adda
baasee kan hin beekne ta’u isaati.

Yaadni gabatee olii kanaa kan nu hubachiisu, barsiisaan afaanii daree barnootaa keessatti,
barattootaaf walii isaanii akka wal gargaran carraa bal’inaan kennuu dhiisuu isaa nutti mul’isa.
Adeemsa baruu barsiisuu mala barataa gidduu galeessa godhateen ittiin gaggeeffamuu afaan
barsiisuu keessatti immoo, mala kanatti dhimma bahuun barbaachisaa akka ta’e hubanna.
Kanaaf, yaada kana akka hanqina barsiisaatti fudhanna jechuudha.

Malli baruuf barsiisuu daree barumsaa Afaan Oromoo keessatti gaggeeffamu maal
maalfaadha Jedhuuf, Malli waliigalaa asitti dhimma itti ba’ame kan barattoota gidduu galeessa
taasifateefi hirmaachisaa hin taneedha. Barsiisaan akka barattoonni hirmaatan kan haala
mijeessu malee kan ofii waa mara dhiyeessu miti. Kun ammoo, akka barattoonni
ogummaawwan barbaachiisoo ta’an walsimsiisanii akka hin gabbifatan kan taasisuudha.
Kanaafuu, adeemsa baruu barsiisuu keessatti malleen dhimma baasan adda addaa jiraachuu fi
filachuufi itti fayyadamuu keessatti barattoonni hirmaachuu keessatti hanqina guddaa qabu.

Haa ta’u malee, rakkoon akkasii osoo jiruu, mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessaan
barsiisuun baay’ee ulfaataa ta’eera. Bargaaffii banaa gaaffii 1ffaa irratti argamu, daree keessatti
barataan tokko tokkoon gahee maal maal qaba jedhuuf, yaadni barattoota irraa argame haala
gadiin taa’eera. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen barnoota afaanii
yommuu barataan barattoonni garee fi dhuunfaadhaan hojii garagaraa akka hojjetan taasiseera.
Nama garicha to’atu isaanuma keessaa akka filatan gochuun ga’umsa yoomessa kallattii
hedduu keessatti tajaajilus mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatee keessatti
31

barattoonni tokkoo tokkoon isaan gahee maal maal akka qaban sirritti addaa baasani hin
beekani.

Gabatee 7. Hojii Gareen Walqabatee

Gaaffiile safartuu
Eeyyee Lakkii Ida’ama
Lakk. % Lakk. % Lakk. %
7. Barattootni gareen mari’atuu? 19 15.9 101 84.2 120 100
8. Barattoonni gareen keessatti walqixa 23 19.2 97 80.8 120 100
hirmaatuu?
9. Barattoonni gareen mari’achuuf 41 34.2 79 65.8 120 100
kaka’umsa qabuu?
10. Kitaabileen barnoota Afaan Oromoo 13 10.8 107 89.2 120 100
barataa hunda gahaniiruu?

11. Barattoonni deebii akka deebiisaaniif 10 8.3 110 91.2 120 100
barsiisaan carraa ni kennaafi?

Akka gabatee 7. olii irraa hubachuun danda’amutti, gaaffii 7ffaa Barattootni gareen mari’atuu
walqabatee dhiyaaterratti, barattootni gochaalee barnootaa baay’inaan gareedhaan raawwatu
jedhuuf, deebiin odeefkennitoota irraa argame, barattoonni 19 (%15.9) eyyee jechuun yaada
isaanii kan kennanidha gochaalee barnootaa baay’inaan gareedhaan raawwachuu isaanii kan
irratti eeyyee kan jedhan yoo ta’u, barattoonni 101 (%84.1) lakkii jechuun yaada isaanii kan
kennani immoo odeefkennitootni bargaaffii guutanirraa hubatameera. Kanarraa wanti
hubatamu, irra callaan qabiyyee adda addaa irratti qophaa’uun walii isaanii akka walqixa hin
hirmaane kan agarsiisudha. Yaada olii kanarraa wanti hubatamu, barattootni harki guddaan
isaanii gochaalee barnootaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen kan hin
raawwanne ta’uu isaati.

Daawwaannaan walqabatee qorataan daree barnootaa seenuun barattoonni gareen mari’atuu


jedhuuf bargaaffii banaa 8ffaa barsiisaan keessan irra guddaan daree keessatti barnoota mala
barataa gidduu galeessa godhateen barachaa akka hin jirree, daree barnootaa marsaa kudhaan
yeroo garagaraatti seenuun qorataan daawwaatee rakkoo qabachuu isaa mirkaneefateera.
32

Akka gabatee 7. olii irraa hubachuun danda’amutti, gaaffii 8ffaa irratti qorataan adeemsiiseen
Barattoonni gareen keessatti walqixa hirmaatuu jedhuuf, deebiin argame, barattoonni 23
(%19.2) odeefkennitoota eyyee jechuun yaada isaanii kan kennani hojiin garee kennamu
keessatti barattoota hirmaachisu isaan irratti kan yaada keennidha, barattootni 97 (%80.8)
lakkii jechuun yaada isaanii kan kennanidha bargaaffii odeefkennitoota irraa hubachuun
danda’ameera. Kanarraa wanti hubachuun danda’amu, hojiin garee barattootaaf kennamu
haala gahaa taheen kan isaan hin hirmaachisne ta’uu isaati.

Guca mirkaneeffannaa daawwannaa gaaffii olii irratti qorataan adeemsiiseen, gochaalee adda
addaarratti barattoota hirmaachisuuf, kitaabni barataa xiyyeeffannoo itti kennuun, haala
kanaan bakka kitaabni barataa hin jiretti gareen keessatti walqixa hirmaatuu jechuun baay’ee
rakkisaa ta’uu isatti. Haa ta’u malee, mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate
keessatti hirmaannaan barattootaafi hojiin garee jiraachuun galma ga’insa isaaf bakka guddaa
qabu. Kitaabni barataa yoo barattootaa ga’ee fedhiin barattootni barnootaaf qaban akka dabalu
gochuun akka waa hubataan isaaniif dabala.

Yaada kana,Chet et al (1993) yoo ibsan, malli barataa gidduu galeessaa godhate barattootni
gaaffilee deebisuuf waan hirmaataniif hubannoo gaarii akka argataniifi waan haaraa akka
uumaniif isaan akka gargaaru lafa kaaheera. Kanatti dabaluun, Brand (2000) yoo ibsu, mala
barataa giddugaleessaa godhate keessatti, hirmaannaan barattootaa guddaa waan ta’eef,
si’aa’inaan akka hordofan isaan godha jedha.

Barattootni beekumsa barsiisaa isaanii irraa argataanittifi bakka adda addaarraa kuufatan,
barattoota dandeettiin isaanii gadi jiraniif mata duree garagaraa irratti qophaa’anii otoo walii
isaanii walbarsiisan, dandeettiin isaanii akka dabaluu, walqixa yoo hirmaataani kaka’umsa
barumsaaf akka qabaataniifi ofitti amanammuummaa akka goonfatan godha. Haa ta’u malee,
odeefkennitoota kanarraa wanti hubannu, haalli kun daree barnootaa keessatti haala qubsaa
taheen hojiirra oolaa akka hinjirreedha.

Walumaagalatti, gabatee olii irraa wanti hubatamu, barattoonni walqixa yoo hirmaataani
dhiyaannaan mala barataa gidduu galeessa godhate keessatti, gahee guddaa kan qabudha. Haa
ta’uyyuu malee, hojiin garee daree keessatti mul’atus, haala barbaadamuun hojiirra yaada kana
33

hayyoonni akkas jechuun ibsu. Malli dhiyaannaann barataa gidduu galeessa godhate irra
caalaa gareedhan akka hojjetaniif carraa waan kennuuf adeemsa barachuuttii keessatti gahee
guddaa akka qabudha (Bonwell, 2003).

Gabatee 8. Hojii Dhuunfaan Walqabatan

Gaaffiilee safartuu
Eeyyee Lakkii Ida’ama
Lakk. % Lakk. % Lakk. %
3.Barsiisaan gaaffilee ofii isaa deebisuurra 11 9.2 109 90.8 120 100
barattootni akka deebisan carraa kennaafii?
4. barattootni gaaffilee akka ofii isaanii 15 12.5 105 87.5 120 100
deebisan dareefi ibsaan carraa barsiisaanni
kennaafii?
5. Malli baruuf barsiisuu daree barnoota 12 10 108 90 120 100
afaan oromoo keessatti gaggeeffamaa?
6.Miseensonni garee hundaayyuu 23 19.2 97 80.8 120 100
dammaqinaan akka hirmaatan jajjabeessuu?
8.Barattootni gareen mari’atuu? 23 19.2 97 80.8 120 100
9.Barattootni garee keessatti wal qixa 10 8.3 110 91.2 120 100
hirmaatuu?
10. Barattoonni gareen mari’achuuf 40 33.3 80 66.7 120 100
kaka’umsa qabuu?

Akka gabatee 8.olii gaaffiin 3ffaa keessatti, barsiisonni gaaffilee ofii isaanii deebisuurra
barattoonni akka deebisan carraa kennamafii jedhuuf, barattoonni 11 (% 9.2) eeyyee jechuun
yaada isaanii kan kennanidha, barnoota kennamuun deebisuurra barattoonni akka deebisan
carraa kennaafii yookiin kennitiifii irratti eeyyee kan jedhan yoo ta’u, barattoonni 109 (%90.8)
lakkii jechuun yaada isaanii kan kennanidha odeefkennitoota bargaaffii guutaan irraa
hubachuun danda’ameera.
34

Odeeffannoo gabatee kanarraa wanti hubatamu, barsiisonnii harki guddaan isaanii barnoota
isaaniif kennamun barattoonni akka deebisan carraa hin kennannii ta’uu isaati. Inni biraan
immoo, qorataan daawwannaaf yeroo daree barnootaa seenuun ilaalu, barsiisonni barattootaaf
carraa kennamee baay’ee muraasa. Haa ta’uu malee, barnoonni kennamu tokko
dandeettiiwwan barattoonni akka deebisan carraa kennuufii irratti kan xiyyeeffatee qophaa’u
ta’uu qaba. Akkasumas, barnoonni hirmaachisaa ta’e, daree keessatti carraa barattootaaf
kennuu qaba. Kana ta’uu baannaan, barattootni dandeettiiwwaan hirmaannaa fayyadamuu
isaanii guddifachuu hin danda’an.

Akka gabatee 8. olii gaaffiin 4ffaa, barattonni gaaffilee akka ofii isaanii deebisan dareefi ibsaan
carraa barsiisaanni kennaafii? ni kennaafii yookiin kenniitifii jedhuuf, barattoonni 15 (%12.5)
eeyyee jechuun yaada isaanii kan kennanidha. Dandeettiiwwan barattoonni carraa dareef ibsuu
isaanii guddiffachuuf gochawwaan daree keessatti soda tokko malee raawwachuu isaanii kan
irratti waliigalaan yoo ta’u, barattoonni 105 (%87.5) lakkii jechuun yaada isaanii kan
kennanidha, bargaaffii guutame irraa hubachuun danda’ameera. Kanarraa wanti hubatamu, irra
guddaan barattoonni gaaffilee adda addaa irratti barataan qophaa’uun walii isaanii akka
walqixa hin deebisne kan agarsiisudha.

Yaada olii kanarraa wanti hubatamu, barattootni harki guddaan isaanii gaaffilee akka ofii
isaanii deebisaan barsiisaan carraa isaaniif akka hin kennineefi barnootaa mala baruuf
barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen kan hin raawwanne ta’uu mul’isaa. Inni biraan
immoo, qorataan daawwannaaf yeroo daree barnootaa seenuun ilaalu, barsiisonni barattootaaf
gaaffilee akka ofii isaanii deebisan dareefi ibsaan carraa barsiisaanni kennamee gonkuuma hin
jiru. Kun kan nutti agarsiisu, barattootni baay’een gocha daree keessatti raawwatamurratti
shakkii akka qabanidha. Haa ta’uyyuu malee, mala baruu barsiisuu barataa giduuu galeessa
godhatee yoo hin jiru ta’e, kaayyoon barbaadame galmaan hin gahu.

Akka gabatee 8. olii irraa hubachuun danda’amutti, gaaffii 5ffaa Malli baruuf barsiisuu daree
barumsaa Afaan Oromoo keessatti gaggeeffamu maal maalfaadha jedhuuf, barattoonni 12
(%10) eeyyee jechuun yaada isaanii kan kennanidha, barnoota kennamuun deebisuurra
barattoonni akka deebisan carraa kennaafii yookiin kennitiifii irratti eeyyee kan jedhan yoo
ta’u, barattoonni, 108 (%90) lakkii jechuun yaada isaanii kan kennanidha odeefkennitoota
35

bargaaffii guutaan irraa hubachuun danda’ameera. Malli waliigalaa asitti dhimma itti ba’ame
kan barattoota gidduu galeessa taasifateefi hirmaachisaa hin taneedha. Barsiisaan akka
barattoonni hirmaatan kan haala mijeessu malee kan ofii waa mara dhiyeessu miti.

Kun ammoo, akka barattoonni ogummaawwan barbaachiisoo ta’an walsimsiisanii akka hin
gabbifatan kan taasisuudha. Kanaafuu, adeemsa baruu barsiisuu keessatti malleen dhimma
baasan adda addaa jiraachuu fi filachuufi itti fayyadamuu keessatti barattoonni hirmaachuu
keessatti hanqina guddaa qabu. Haa ta’u malee, rakkoon akkasii osoo jiruu, mala barataa
gidduu galeeffateen barsiisuun baay’ee ulfaataa ta’a. Qabxiileen kanaan gadii Afaan
Oromootiin barachuuf malleen akka armaan gaditti eeramaniidha. Mala argannoo, mala marii
hirmaachisaa, mala agarsiisaa, mala gaaffiifi deebii, mala sammuu kakaasuu, mala
dawwaannaa, sissi’eessuu, mala jechaafi gochaa fi mala do’iifadha. Nama garicha to’atu
isaanuma keessaa akka filatan gochuun barbaachiisaadha.

Akka gabatee 8. olii irraa hubachuun danda’amutti, gaaffii 5ffaa Bargaaffii banaa gaaffii 2ffaa
irratti argamu, garee keessatti barattoonni tokko tokkoon gahee maal maal qabu jedhuuf,
yaadni barattoota irraa argame haala gadiin taa’eera. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu
galeessa godhateen barnoota afaanii yommuu barataan barattoonni gareefi dhuunfaadhaan
hojii garagaraa hojjetan taasisuun nama garicha to’atu isaanuma keessaa akka filatan gochuu
ga’umsa yoomessa kallattii hedduu keessatti tajaajilus mala baruu barsiisuu barataa gidduu
galeessa godhateen barnoota garee keessatti barattoonni tokko tokkoon isaan gahee maal maal
akka qaban sirritti addaan baasani hin beekani.

Barsiisonni Mana Barnoota Baatee Sadarkaa Lammaffaa Afaan Oromoo barsiisaa jiraan
gaheen barattoota akka galmaan hin genyeef hubannoon isaan hin gabbifanne goodhameera.
Hojii barattoonni gareen ykn waliin hojjetan kennuun, akka barattoonni suuteyyiifi ija
laafeyyiin ofitti amanamuummaa hin horataniif kophaa kophaatti hojjetanii waan
jajjabeeffamu ta’u hin qabu.

Itti dabaluunis, barsiisaan hojii garee kan kennu, yeroo barsiisuuf qophii hin qabnee yookiin
immoo yeroo dadhabu ta’uu ibsanii, hojii garee kenname keessa deemee waan hin to’anneef,
barattootni hojii dhuunfaa isaanii kan hojjetan tahuu ibsaniiru, mala baruu barsiisuu barataa
36

gidduu galeessa godhateen barsiisuun, waliin hojjechuun walitti dhuufeenya isaaniiratti,


wantoota qaacceessuurratti, gadi fageessanii yaaduurratti, qindeessuurratti ga’umsa akka
horatan taasisa. Kana galmaan ga’uufis akka barattoonni falmii, marii fi kkf keessatti qooda
fudhachuun yaadaan morman, deeggaran, akkasumas, yaada wal jijjiiran taasisuutu
barsiisaarraa eegama. Adeemsi itti dhiyaachuu qabu ammoo barattoota qabxii olaanaa
qabaniifi qabxiin isaanii gadaanaa ta’e, dhiiraa fi dhalaa akkasumas magaalaa fi baadiyyaa
jiraatan waliin makuun odeeffannoo barbaachisaa ta’e kanneen akka mariyaataan taasifamu
qaba, waan barreeffameefi wkf walitti qabachuun gareedhaan akka dhiyeessan taasifamuu
qabu.

4.3. Gufuuwwan Hojiirra Oolmaa Mala Baruu Barsiisuu Barataa Gidduu


Galeessa Godhate.

Akka gabatee 6. olii irraa hubachuun danda’amutti, gaaffii 2ffaa danqaalee mala barataa gidduu
galeessa godhate hojiirra oolchuu keessatti barsiisota muudatan seecca’uu jedhuuf deebisuun
hiika bu’aa kanaa haalaan beekuuf kan gargaarudha. Odeefkennitoonni 7 (%5.8) daraan
olaanaadha, odeefkennitoonni 30 (%25) olaanaadha, Odeefkennitoonni 37 (%30.9)
jiddugaleessadha, odeefkennitoonni 46 (%38.3) gadi aanaadha akka ta’e kan agarsiisuudha.
Barnoota afaan keessatti danqaalee mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate
hojiirra oolchuu keessatti barsiisota muudatan yeroo seecca’aamu akka hin irraanffatamnetti
hubachuunfii. Kunnis alkallattiidhaan si’aayina barattootaa isa keessaa haalaan kan
guddisudha. Kanaafuu, hanqinni teessoo barattootaa, yeroon (waayitiin) gosa barnootaa Afaan
Oromoof ramadaamee gilgaalota jiran shaakalchisurratti hirdhina ni qaba.

Hanqina kitaaba barataa, hanqina daree barnootaa, barsiisaan gilgaalafi hojii daree yeroo
hojjetutti barataa guutuu guutuutti hirmaachisuu dhabuu, kutaa tokko keessatti barataan
heddumachuu, rakkoon baay’ina barattootaa ilaalchisee, meeshaalee gargaarsa barnootaatti hin
fayyadamu, akka qaaccessa gaafannoo odeeffannoo banaa barattootaaf dhiyaate keessatti
ilaalametti, akka rakkootti ka’uurra barnoota mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhatee mijeessu dha. Hanqina kitaabilee ilaalchisee qaaccessa fi hiika laatame, gaaffii banaa
barattootaan walqabatee mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatee rakkoo
cimaan jiraachuu isaafi furmaan gama hooggantoota barnootaan ta’uusatti.
37

Gaheewwan barsiisaa fi barattootaa adeemsa mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhate hojiirra akka hin oolee keessatti barsiisota muudatan keessaatti ilaalchisee bu’aan
odeeffannoon kun isa daawwii kutaatin tokko yoo ta’u, deebii barsiisotaatinis baay’innaan
walfakkata. Haa ta’u malee hiikni bu’aa kanaa kanneen armaan olitti laatamaniin kan
walfakkaataniidha. Barsiifataa barattoota mara jiddutti adeemsifamu akka ta’e, hanqina
kakaasuu qabaachuu saa kana ibsuudha. Rakkoon jiru muraasaa haa fakkaatu malee,
daawwaannaa kutaatti adeemsifame faallaa kanaa kan agarsiisuudha.

Kunis, barattoonni, himoota mataa saanii burqisiisanii ijaaruurratti gargaarsi laatu baayyee
muraasa. Bu’aan kanaatis hanqina dandeetti waa uumuu kan uumuudha. Qaaccessi armaan
gadii, akka kutaa tooftaa jalatti eerametti, deebii barattoonni gaafannoo banaatiif laatanirratti
kan hundaa’edha. Akkuma gaaffilee kana dura qaacceffaman jalatti ilaalametti rakkoon inni
guddaan carraa shaakalaa marii gareen barachuu dhabuudha.

Barattoonni ciccimoon tokko tokko gaaffii gaafachuun saanii gaarii ta’e barattoota muuxannoo
barattoota kaan irraaniffachuu kan fedhudha (Batsone, 1995). Barsiisaan ibsa bal’aa akka mata
dureetti fudhatame ni laata, barattoonnis yaadannoo barsiisaan gabateerratti laatuu ni
barreeffatu. Kanaafuu, ibsa barsiisaan laatu dhaggeeffachuu, yaadannoo saa qabachuu, yeroo
tokko tokkoo gaaffii gaafachuu barattoota cimoo dha. Yeroo tokko tokko barattoota ciccimoo
ta’anirratti xiyyeeffachuun ni jira.

Deebiin barsiisotaa akka agarsiisutti garuu barattoonni carraa xiqqaa ta’e qabu. Qaawwa
deebii saaniifi barattootaa jidduu jiru duuchuuffi amanamummaa qorannichaa eeguuf daawwii
kutaa adeemsisuun barbaachsaa ture. Haaluma kanaan, carraan jedhame gonkumaa hin
mul’anne. Kunis, akkuma irraa deddeebiidhaan eerametti sararrii odeeffannoo barataafi
barsiisaa qofatu jira. Kunis gara saatin hamilee barachuu, mala baruuf barsiisuu barataa gareen
barsiisuu barnootaa afaanii salphaa ta’e kan dhabamsiisuudha.

Haa ta’uu malee, barnoonni kennamu tokko dandeettiiwwan barattoonni gidduu galeessa
godhachuun barattota iddoo sadiiti akka qooduuman ta’uu qaba. Kunis, baarattoota cicimoo,
barattoota gidduu galeessa fi barattoota suteeyyii ergaa addaan bahaan yookiin qoodamanii
booda barattoota gosa barnootaa irratti cimoo ta’aan garicha akka ofii isaan walfilachuun akka
38

walhoogganiin gochuu dhabuu mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate hojiiraa
oolmaa isaa rakkoo ta’eera.

Bargaaffii banaa gaaffii lammaffaa gabatee 6. irratti argamu, barattoonni mala baruu barsiisuu
barataa gidduu galeessa godhateen danqaalee ni jiraa? Yoo jiraate sababoota isaanii faana ibsi.
Jedhuuf, keessatti mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen barsiisuun
walqabatee rakkoowwan adda addaa ni mul’atuu, isaans akka armaan gadditti ta’u: dursanii
mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatee qindeessuu dhabuu, nama garicha
to’atu isaanuma keessaa akka filatan gochuu dhabuu, barattoota dandeettii fi fedhii isaaniitiin
gareetti qooduu dhabuu, barsiisaan dalagaa gareewwanii haalaan hordofuu dhisuu, dogoggora
uumamu sirreessuun akka marii isaanii mata duricharra taasifatan taasisuu dhisuu, qajeelfama
ifa ta’e kennuufi ammaa ammaa barattoota to’achuurraa of qusachuu fi dalagaan fedhii
barattoota kakaasuufi barbaachisaa ta’e kennamuufi dhabuudha.

Rakkoowwan mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen armaan ooli irratti
tarreeffamanii keessatti odeefkennitoota bargaaffii guutaan irraa hubachuun danda’ameera.
mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen rakkoon inni tokkoffaan barattoota
dursanii gareen qindeessuu dhabuun, odeeffannoo odeefkennitoota kanarraa wanti hubatamu,
barsiisonnii harki caalaan isaanii barnoota akka barsiisaan isaaniif kenname barattoota
sadarkaa sadarkaan yookiin dandeetti isaan irratti hunda’uun gaeen qindeesanii akka walirratti
barataan gochuu dhabuu rakkoo guddaadha. Mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhateen rakkoon inni lammaffaan immoo, nama garicha to’atu isaanuma keessaa akka
filatan gochuu dhabuun.

Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeeffate hojiirra akka hin oolleef wantoota gufuu ta’an
ilaalchisee, afgaaffii barsiisota Afaan Oromoo Mana Barumsa Baatee Sadarkaa Lammaffaa
kutaa 9ffaa fi bargaaffii cufaafi banaa barattootaafi daawwannaa daree qorataan godhe, armaan
gaditti xiinxalameera.
39

4.3.1. Qabiyyeen Walqabatee

Barsiisaan afaanichaas, qabiyyeewwan boqonnaalee duraan barsiifaman keessaa isa


barsiifamaa jiruun walqabsiisuuf yaadachiisuun akka barattoonni muuxannoo isaaniitiin wal
qabsiisuun tajaajila afaanichaan jajjabeessuu qabu. Kunis, seensa boqonnaalee keessatti kan
raawwatamaniidha. Haallii dhiyeessa akkanaa kun akka barattoonni jechootaafi caasaa
afaanichaa duraan itti fayyadaman yaadachiisuun dhimma amma irra jiraniin itti fufiinsaafi
walsimsiisaa gilgaalotaafi barnoota afaanichaa keessatti mirkaneeffachaa akka deeman taasisa.

Karoora qabiyyee barnootaafi haala qindoomina gochaawwan irratti fakkaattiin qophaa’e


karoora guyyaa qopheeffachuufi dalagaalee barnootaa qindeeffachuun, kaayyoon baruu
barsiisuu yeroo hundaa galmaan ga’uuf karaa saaqa. Barsiisaan Afaan Oromoos, tokkoon
tokkoon daree barnootaa keessatti qabxiileen ka’an mala baruu barsiisuu adda addaa ta’een
barsiifamuu barbaachisuu isaanii hubachuun yeroo yerootti haalichattii of madaqsuu qaba.
Kana malees, fedhii barataa tokkoo tokkoon addaan baafachuun kanneen fedhii adda qabaniif
deeggarsa addaa gumaachuutu irraa eegama. Qabxii kana booda bal’inaafi xiyyeeffannoo
addaa itti laachuun barattoota fedhii addaa qabaniif yaada jedhuun ni kaafna.

Qabiyyeewwan guddaan barnoota afaanichaa kan sadarkaa gara garaatti dhiyaatee,


ogummaawwan dhaggeeffachuufi dubbachuu barattoonni maatiirraa barachuu jalqabanii gara
mana barumsaa dhufanitti dabalee ogummaa dubbisuufi barreessuu akka horatan taasisuudha.
Haa ta’u malee, qabiyyeewwan kitaaba barataa kutaa 9ffaa fi qabiyyeewwan qajeelcha
barsiisaa kitaaba barataa kutaa 9ffaa barnoota Afaan Oromoo keessatti qabiyyeewwa barnootaa
dhiyaatan ilaalchisee baay’inni waggaatti wayitiin qajeelchaa barsiisaa irratti ramaadaamee
142 yoo ta’u.

Haa ta’u malee, barattoonni kun kan barachaa jiraan waggaatti wayitii 80 ta’uun isaa
beekamaadha. Kana malees, hojiirra oolmaa mala barataa gidduu galeessa godhate keessatti,
adeemsa baruu barsiisuu keessatti rakkoon mulatu wayitiin barnootaaf ramaadamee jiru gahaa
tahuu dhabuudha.
40

Haa ta’u malee, deebii odeefkenniitoota kanarraa wanti hubannu, barsiisaan yookiin
barsiistuun karoora waggaa fi karoora guyyaa qabaa/qabdii waliin walqabsiisuun kan qaban
harkii xiqqaa ta’uusaati. Barsiisaan yookiin barsiistuun karoora waggaa fi karoora guyyaa
qabaa/qabdii jedhuuf qorataan daawwannaaf daree barnootaa seenee yeroo ilaaluu, barsiisaan
tokko karoora kan qabuu, barsiisota barnoota isaanii haala qabatama naannoo jireenya isaanii
waliin walqabsiisuun karoora waggaa fi karoora guyyaa kennamuu hojetamaa jirachuu kan
jedhurratti, inni biraan immoo, barsiisonni karoora waggaa fi karoora guyyaa hin hojjennee
lakkoofsaan lama ta’an tahu. kan haala qabatama naannoo isaanii kan hojjetaan waliin kan
walqabatan dhibbentaa xiqqoo ta’uu isaati. Haa ta’u malee, haala qabatama karoora waggaa fi
karoora guyyaa kan hin hojjetiin waliin walqabsiisanii baay’inaan barsiisota haala salphaan
hubachuufi akka hin daganne gochuuf gargaara.

Kanarraa wanti hubatamu, harki xiqqaan barsiisotaa barnoota barsiisaan karoora waggaa
irratti mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa furmaata akka hin barbaadnedha. Haa
ta’u malee, kaayyoon karoora inni guddaan barnoota barsiifamaa jiru bifa safaraamaa ta’een
barsiisuufi rakkoo furuufi. Yaada kanarratti, barattoonni mala baruu barsiisuu barataa giduuu
galeessa godhatetti yoo baratan adeemsa rakkoo hiikuu keessatti adda duree ta’u jedhu.

4.3.2. Haala Daree Barnootaan Walqabatee

Malli baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhaate keessatti xiyyeeffannoon itti
kennamuu kan qabu keessaa teessoowwan barattootaa, daree barnootaa, dareen ifa gahaa
argachuu, qulqullina gabatee gurraachaa taha. Kannaafuu daree barnootaan walqabtee akka
armaan gadiitti taha. Guca mirkaneeffannaa afgaaffii barsiisotaa gaaffii 5ffaa jalatti, gaaffiileen
dhiyaataan yaadaan waan walfakkataniif, bakka tokkotti haala kanaa gadiin xiinxalamaniiru.

Qorataan, daawwannaa daree seenuun taasiiseen, waan argate bifa akkamtaan armaan gaditti
kaa’ameera. Dareewwaan qorataan daawwannaa irratti taasiisee hundi, teessoon isaanii dalgee
kan barataan afur akka irra taa’uuf hojjetame ta’ee, sababa baay’ina barattootaan teessoon
dalgee kun barattootni shan akka irra taa’aniif kan itti ta’edha. Kunis, yeroo hojii garee adda
addaa barattoonni akka hojjetan barsiisaan ajaju hedduu bu’aa qabeessa miti. Bakka gara
garaatti akka fedhanitti socho’anii barachuuf, barattoota rakkisuudha.
41

Kunis, kan irratti barreessuuf tajaajilan waliin waan walqabataniif, caalaatti sochii asiif achiif
jechuun rakkisaa ta’era. Kun kan nutti agrsiisu, teessoowwan jiran bifa garee uumuun
hojjechuuf kan miijatan miti. Taa’umsi teessoowwaniis bakkaa afuriin tartiibaan kan
hiriiranidha. Barsiisaan, adeemsa hojii garee akkaataa itti mari’atan ajajus, marii tokkoon
tokkoon garee keessa deeme to’achuuf teessoowwan gidduu deemuuf miijataan hin jiru. Kun
immoo, milkaa’ina baruuf barsiisuu barataa gidduu galeeffate haala barbaadameen hojiirra
akka hin oolleef, gufuu guddaa ta’eera. Yaada kana ilaalchisee, (Farrant 1980) akka ibsitetti,
dhiyaannaan mala barataa gidduu galeessa godhate keessatti, barattootni akka barbaadanitti
ofirra naanna’aa kan irra taa’anii fi hojii garee keessatti gara miijateefiitti akka socho’aniif
teessoowwan bakkaa bakkatti socho’an jiraachuu qabu.

Kun jiraachuu baannan, adeemsi baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatetti gufuu
ta’uu danda’aa. Gaaffii daawwannaa walqabatee, dareewwan barnootaa haala qabatama
baay’inna barattoota walii walbiraa qabamanii yemmuu ilaalaman, rakkoo cimaatu mul’ata.
Maddi rakkoo kanaas isaa, mana barumsaa sana kan ijaaree Biiroo Barnoota Oromiyaa yoo
ta’u haalli ijaarsaa iaaa immoo daree tokko keessatti baay’inni barattootaa akka keessattii
barataan ta’ee ijaarame barattoota afurtaama (40)f kan ijaaraame waan ta’eef yeroo ammaa
kanaatti baay’inni barattoottaa daree tokko keessatti baraachaa jiraan sagaltaamii tokkoo (91)
tahaanii daree barnoota tokko keessatti baraachaa jiraachuun isaanii ni hubataamaa.

Kun immoo, barattoonni barnoota isaanii seeraan akka hin hordofne dhiibbaa irraan gaha.
Fakkeenyaaf teessoo nama afur akka qabatuuf hojjetameerratti barattoota shan ta’anii yemmuu
taa’an, barataan shanaffaarra jiruu yaadannoo adda addaa barsiisaan kennamu kan barreessu
dabtara isaa jilba isaarra kahuun kan bareeffatannidha. Kun immoo, hubannoo barataa
barumsarraa salphaatti xiqqeessuu danda’a. Kana jalatti, fedhiin barnootaa, barattootatti
keessatti uumuuf, dareen barnootichaa ifaafi qilleensa gaarii argachuu qaba. Haala kana
ilaaluuf, qorataan yemmuu dareewwaan kana daawwateetti, dareewwan barnootichaa foddaa
gurguddaa waan qabaniif, ifni gahaan kan jiru yoo ta’u, baay’ina barattootaa humnaa ol daree
tokko keessa jiraan irraa kan ka’e, qilleensi daree keessaa ukkamamaafi foolii gaarii kan hin
qabnedha.
42

Keesuumaayyuu, yeroo dabaree galgalaa haalli kun waan hammaatuuf, barsiisaan fedhiifi
Kaka’umsaan barattoota hordofee barsiisuurra, balbalattii siiqee dhaabachuun barsiisuu filata.
Barataan immoo haalli daree barnoota ulfaataafi rakkisaa ta’uu isaa eeraniru. Haalota
kanarratti hundaa’uun, qorataan, haalli qilleensa daree keessaa miijataa ta’e kan hin jirree
ta’uu hubateera. Kun immoo, barsiisaarrattis ta’e, barataarratti dhiibbaa waan qabuuf, barnoota
isaanii mala hirmaachisaa ta’etti fayyadamuun akka hin barsiisneefi hin baranne gufuu itti
ta’uu danda’a. Yaada kana immoo, Moore (2001) yoo ibsu, mala barataa gidduu galeessa
godhate hojiirra oolchuuf, bakki miijataafi haalli qilleensaa gaarii ta’e jiraachuu akka qabu ni
hima.

4.3.3. Meeshaalee Deeggarsa Barnootaan Walqabatee

Waa’ee meeshaalee deeggarsa barnootaa daree tokko keessa barattoota gosa gara garaatu jiratu.
Kanaaf, barattoonni kun mala baruu barsiisuu adda addaa barbaadu. Kunis, yoo xiqqaate
barattoota gosa sadii daree tokko keessatti argamu. Bariisonni adeemsa baruu barsiisuu afaanii
keessatti karoora karoorfame galmaan gahuuf itti gaafatamummaa olaanaa qabu. Barsiisonni
barnoota afaanii, meeshaalee deeggarsa barnootaa sirrii ta’anitti deeggara manii barnoota
dhiyeessuun milkaa’ina karooraaf murteessaadha.

Kun ammoo dandeettii barsiisotaa gaafata. Yaada kana irraa ka’uun barsiisonni meeshaalee
deeggarsa barnootaa afaanii kutaa keessatti itti tajaajilaman barattoonni kutaa keessatti
hirmaannaa akka qabaatan iddoo guddaa ni qaba. Gaaffilee fi yaadota olii meeshaalee
deeggarsaa waliin walqabatee irratti. Farrant (1980) yoo ibsu, kitaabileen barnootaa, baay’ina
barattootaa waliin walsimuu dhabuun, fakkiileen, poostaroonni, chaartonni fi kkf dhabamuun,
hojiirra oolmaa mala barataa giddugaleessa godhate irratti gufuu ta’uu akka danda’an kaaheera.

Ga’uumsa ittifayyadama meeshaalee deeggarsa barnootaa ilaalchisee lakkoofsa gaaffii


daawwannaa daree godhachuun hawwatummaan meeshaalee deeggarsa barnootaa afaanii
wayitii saniif tajaajila irra oole; miira barattootaa yammuu sakattaanu, meeshaalee deeggarsa
barnootaa afaanii lamaan irra caalaan barattoonni kutaa salgaffaa miira gammachuu akka
qaban; meeshaalee deeggarsa barnootaa sadaan ammoo walakkaan barattootaa miira
gammachuu akka qaban muldhisa. Waa’ee ittifayyadama meeshaalee deeggarsa barnootaa
43

boqonnaa kudha lama kitaaba barataa kutaa 9ffaa keessatti akka ibsameetti meeshaalee
deeggarsaan fayyadamuun sammuu barattootaa irratti beekumsa haaraa fi dandeettiin akka
bocamu, bocamanis qabatamaan akka itti tajaajilaman godhu.

Sababii isaas meeshaaleen deeggarsa barnootaa gochoota adda addaafi muuxannoowwan


dhiyeessuun fedhii barattootaa kakaasuun, xiyyeeffannoo isaanii harkisuun galma barbaad
dameetti akka gahan kutaa keessatti hirmaannaa gaarii akka muldhisan meeshaaleen deeggarsa
barnootaa afaanii barsiisonni sadiin fayyadamanii fi ittifayyadamni isaanii ni murteessaa kan
jedhu ture.

Gaaffii guca mirkaneeffannaa irratti caqasame, raabsaa kitaaba barnootaa ilaalchisee.


Kitaabileen barnootaa barattoonni baratanii, kitaabni Afaan Oromoo kutaa 9ffaa fi kanneen
biroo kan lakkoofsaa barataa waliin wal hin simnedha. Kitaabilee lakkoofsaan xiqqoo ta’anis,
hanguma isaan gahee, carraadhaan kan argatan yoo tahu, sababa barattoonni hundi fidanii hin
dhufneef, daree keessatti kitaaba barnootaa fayyadamanii adeemsa baruuf barsiisuu
adeemsisuuf, rakkisaa ta’uun hubatameera.

Yaada kanarraa wanti hubannuu, sababa hanqina kitaaba barataatiin, barattoonni baay’een
hojii manaa, hojii daree fi hojii garee, akkasumas, haala qabatama naannoo isaaniirratti
hundaa’anii gilgaalota kitaabarraa hojjechuuf rakkisaa akka tahedha. Walumaa galatti daree
barnootaa sadanuu irra caalaan barattootaa miira gammachuu kan qaban yammuu ta’u kuni
boqonnaa kudha lama yaada ibsamee wajjiin kan walitti dhiyaatu ta’u isaa muldhisa.

Daawwannaa qorataan daree seenuun taasiiseen, kitaabni barataa barattoota hundaaf kan
walhin geenye ta’uu hubatameera. Akkaasumas, kitaabni barataa barattoota hundaaf kan
walhin geenye ta’uu hubatameera adeemsa baruu barsiisuu milkaa’ina akka qabaatuu gochuu
fi kitaabni barataa barattoota hundaaf kennamuu fi meeshaalee deeggarsaa barnoota
gargaaramuun barsiisuun faayidaan isaa guddaa akka ta’e ni hubataamaa.
44

4.3.4. Yeroo wayitii barnootaa Afaan Oromoof kennamen Walqabatee

Akkuma beekamu galma gahiinsa barnoota tokkoof yeroon ramadamuu gahee guddaaa qaba.
Manni barumsa immoo, torbanitti wayitii lama waan kenneef, ji’atti wayitii saddeet qofaa
ramadeera. Haala ramaddii wayitii qajeelchi barsiisaa irraa nutti agarsiisuun yoo deemne
immoo, yoo xiqqaate boqonnaan saddeet otoo hin baratamiin hafa, garuu baay’inni boqqonnaa
kitaaba barataa irraa jiruu immoo kudha saddeet. Kun immoo, haalli qabiyyee qoratamee
wayiitii isaaf malu wajjiin dhiyaachuu dhabuun, mala kana hojiirra oolchuuf gufuu ta’eera.

Kanumarratti hundaa’uu akkuma adeemsa kanarraa hubatamutti rakkoon eerame keessaa


tokko hanqina yeroo waayitii Afaan Oromoo kenname xiqqaachuun isaa barsisoonni qabiyyee
kitaabichaa haalaan akka hin shaakalchifnefi barttoonnis haalaan akka hinshaakallee godha.
Kanaafuu, akkuma barnootaa afaanii keessssatti afaan hunduu walqixa afaan kamuu kan biroo
hin caaluu jechuutti waayitii barnootaa Afaan Oromoos akkuma Afaan Ingiliiffaa kanneen
biroo yeroo walqixa qooddachuun baratmuu qaba.

Kanummarratti hundaa’uun qaamooleen dirqama qaban kanneen akka mana barumsaa, biiroo
barnoota oromiyaa, biiroo barnoota godinaa, biiroo barnoota bulchiisa magaalaa fi qaamni
dhimmi kun ilaalatuu hundi xiyyeeffannoo itti kennuun akkuma barnoota biroo barnoota
Afaan Oromoo wayitii ga’aa kan barsiisaafi barataa hojjechisu danda’u ramaduu qabu. Yaada
kana gabbisuun, Shank (1999) yoo ibsu, yeroon barsiisuuf kennamu hanqina yoo qabaate,
mala ittiin barsiisuu barbaadnu, filatanii fayyadamuun rakkisaa ta’a jedha.

Barsiisuuf, yeroon gahaa yoo jiraate, hojiirra oolmaan mala baruu barsiisuu barataa gidduu
galeessaa godhate galmaan gahuu hin danda’u. Malleen ittin hojiirraa oolu garaagara
fayyadamuu danda’a. Hanqinni yeroo yoo jiraate garuu, barsiisaan mala barsiisaa gidduu
galeessa godhatetti fayyadamuuf dirqama ta’uu qaba.

4.4. Furmaata Gufuuwwan Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu


Barataa Gidduu Galeessa Godhate

Akka gabatee 6. olii irraa hubachuun danda’amutti, bargaaffii cufaa gaaffii 3ffaa rakkoo hojirra
oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeeffate hojiirra oolchuuf gufuu ta`aniif
45

furmaanni kennamee jedhuuf deebisuun hiika bu’aa kanaa haalaan beekuuf kan gargaarudha.
odeefkennitoonni 10 (%8) daraan olaanaadha, odeefkennitoonni 24 (20) olaanaadha,
odeefkennitoonni 37 (%30.8) jidduu galeessadha, odeefkennitoonni 49 (%40.8) gadi aanaadha
akka ta’e kan agarsiisuudha. Malli baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate, hojiirraa
akka hin oolle wantoonni gufuu itti ta’an baay’een akka jiraan: afgaaffii, bargaaffiifi
daawwannaa daree irraa hubachuu danda’ameera.

Haaluma kanaan deebii barsiisonni fi barattoonni kennaan haala armaan gadiin dhiyaataniiru.
odeefkennitoonni 49 (%40.8) gadi aanaadha akka ta’e kan agarsiisuudha kana jechuun immoo
hanqina guddaa ni qabna. Maddi isaas, barattoonni akkaas jechuun deebisan, akkamitti isa
jedhuuf, sababni dhiyeessaan, tokkoffaan, warroonni sirna barnootaa qopheessaniifi warri
siilabasii qopheessan, malli kun hojiirra akka oolu yoo barbaadan, sagantaan barumsa
barsiisamuuf kennamuu fi qabiyyeen kitaaba barnootaa, akkasumas, baay’ina barattoota daree
keessaa yoo wal simedha.

Barsiisonni mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate, hojiirraa akka hin oolle
xiyyeeffannoo kennuun barsiisuu dhabuufaa jechuun deebii laataniiru barsiisaniis waan isarraa
eegamu raawwachuun rakkoo kana dhabamsiisuu danda’a. Mootummaan manneen barnootaa
hundaaf otoo gargaarsa isaan barbaachisu godhee, rakkoo kana dhabamsiisuun akka
danda’amu ibsameera. Kana jechuun, fakkeenyaaf, barataan dhuunfaatti kitaaba akka argatuuf
rabsaan kitaabarriitti hojjechuu qaba.

Dareen barnootaa baay’inaan osoo ijaaramee, barattoonni walitti heddumaatanii hin taahaan,
hanqina daree barnootaa, barsiisaan gaaffilee garagaraa akka deebisaaniif carraa barattootaaf
kennuurra ofuma isaa kan deebisu tahuun hubatameera, barsiisaan gilgaalafi hojii daree yeroo
hojjetutti barataa guutuu guutuutti hirmaachisuu dhabuu, kutaa (daree) tokko keessatti
barataan heddumachuudha. Kanaaf, malli kun hojiirra akka ooluuf yoo barbaadame
mootummaan sirriitti itti yaaduu akka qabu ibsameera.

Bargaaffii banaa gaaffii 3ffaa barattootaaf dhiyaate, mala baruu barsiisuu barataa gidduu
galeessa godhateen barnoota afaanii barachuuf maaltu ta’uu qaba jedhuuf, yaadni
odeefkennitoota irraa funaaname, akkamtaan haala armaan gadiin xiinxalameera. Barataan
46

tokko barnoota isaa haala qabatamaafi bu’aa qabeessaan barachuuf, fedhiin barataa hundi
guutamuufi akka qabu ibsaniiru. Kana jalatti, qabxiileen barattootni kaasan: barsiisaa
hordofuun sirritti akka hin barannee kan nu taasisu keessaa tokko, hanqina kitaabaati.

Kanaaf kitaaba malee barachuun waan hin danda’amneef, qaamni ilaallatu kitaabaa barataaf
walgeessisuu qaba. Walumaagalatti, mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate
hojiirraa oolchuuf, kanneen gufuu tahaniif yaadoleen furmaataa tarreeffamaniiru. Kana jalatti,
qorataan daawwannaaf daree seenuun taasiiseen, kitaabni barataa barattoota hundaaf kan
walhin geenye ta’uu hubatameera. Akkaasumas, kitaabni barataa barattoota hundaaf kan
walhin geenye ta’uu hubatameera malli baruu barsiisuu milkaa’ina akka qabaatuu gochuufi
kitaabni barataa barattoota hundaaf kennamuufi meeshaalee deeggarsaa barnoota
gargaaramuun barsiisuun faayidaan isaa guddaa akka ta’e ni hubataama.
47

5. GUDUUNFAA, ARGANNOOWWANII FI YABOO

Boqonnaan kun warqaa qoorannoo kanaatiif kutaa isa dhumaati. Innis yaada cuunfaa
qoraniichaa bu’aa ragaa qorannoo qaaccessaa fi ibsa bu’uura godhachuun yaada guduunfaa
qorannoo, argannoofi yaboon kaa’ameera.

5.1. Guduunfaa

Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa
Bulchiinsa Magaalaa Haramaayaa Mana Barnootaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa keessatti
gosa barnoota Afaan Oromootiin hojiirra oolmaa mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhateen sakatta`uudha fi xiinxaluudha. Qorannoon kun kaayyolee gurguddoo sadii of
keessatti hammata: barsiisonni hojiirra oolmaa mala barataa jidduu galeessaa godhateen
barsiifamu barbaachisaa ta’eetti fayyadamuuf kan isaan gargaaru hojiirra oolmaa mala barataa
jidduu galeessaa godhateen barsiifamu adda baasuu, karoora yeroo dheeraa diriirrifame tooftaa
ittiin barsiisaan jiraachuu dhabuudha.

Tooftaa ittiin barsiisaan jiraachuu dhabuu isaaniitiin haala itti fayyadama mala barataa jidduu
galeessaa godhateen irratti hirmaannan isaan qaban xiqqaatee argameera. Mala barataa jidduu
galeessaa godhateen barnootaa karoorsuun, barbaaduu fi filchuun qofa gahaa miti. Wanti
guddaan mala barataa jidduu galeessaa godhateen karoorfamee bifa baal’aa ta’een fi kennaanis
ta’een adeemsa baruu barsiisuu kutaa keessatti sirritti itti fayyadamuun murteessaadha.

Kana irraan kan ka’e afgaaffii barsiisotaa keessatti godhameen mirkaneessuun kan danda’ame
67% kan ta’an barsiisonni Afaan Oromoo kan barsiisan mala barataa jidduu galeessaa
godhateen malee ibsa afaaniin barsiisaan barsiisuu qofaan. Kana irraan kan ka’e mala barataa
jidduu galeessaa godhateen barnootaa barsiisonni itti fayyadaman hammaanis ta’ee
hawwatumaan sadarkaa isaanii gadaanaa akka ta’e mirkaneessuun danda’ameera.

Barnootaa afaanii barsiisonni mala barataa jidduu galeessaa godhateen barsiifamu barattoonni
sodaatan ykn leeyya’an (saalfataniifi), suuta waa hubatan akka si’aa’inaan hirmaatan
jajjabeessa. Dareewwan barnootaa daawwaannaan godhame sadaan keessatti akka gareen
48

barsiisuun tajaajilan hinjiran. Barsiisonni mala barataa jidduu galeessaa godhateen


fayyadamanii barsiisuuf dursa meeshaaleen baruu barsiisuu afaanii (silabasii, qajeelcha
barsiisaafi kitaaba barataaa) argachuun isaan irra jiraata.

Haa ta’u malee, mana barnootaa filataamen keessaatti barattoonni Afaan Oromoo barachaa
jiraan irra caalaan isaanii kitaaba barataa akka hin qabine mirkaneessuun danda’ameera. Mana
barnootaa filataame kana keessatti mala barataa jidduu galeessaa godhateen baruu barsiisuu
gahaan akka hinjirre mirkaneessuu danda’ameera. Kana irraan kan ka’e karoora guyyaas ta’e
karoora waggaa karoorsuufi mala barataa jidduu galeessaa godhateen barbaachisaa ta’eetti
fayyadamuuf rakkisaa akka ta’e hubachuun danda’ameera.

5.2. Argannoowwanii

Qorannoo kanarraa qoratichi argannoowwan armaan gadii argateera.

a. Hojiirra oolmaa mala barataa jidduu galeessaa godhateen barsiifamu gama


mootummaan taasifamu laafaa ta’uu.
b. Mana barumsaa keessatti dareewwan barnootaa mijatoo ta’an teessoo guutuu wajjiin
qophaa’an xiqqaa ta’uu isaa.
c. Qaamonni dhimmi isaanii ilaallatu manneen barnootaa keessatti meeshaalee barnoota
afaanii (silabasii, qajeelcha barsiisaafi kitaaba barataa) guutamuu dhabuu.
d. Qabiyyeen kitaaba barataafi qajeelchaa barsiisaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa,
wayitii barnootichaaf kenname wajjiin kan wal hin simnedha kitaaba barataa kan
barsiisaamu waggaati wayitii afurtaama, yoo ta’u qajeelchii barsiisaa irra kan jiruu
immoo waggaati wayitii dhibbaa fi afuritaamii lama, kun immoo garagaaruummaa
qabachuu isaa mul’isaa.
e. Lakkoofsi barattootaa fi haalli daree barnootaa jiru hojiirra oolmaa mala barataa
jidduu galeessaa godhateen barsiifamu dareen mijaawoo fi barnoota qulqullina qabu
barsiifamuuf haalli dureen kun jiraachuun murteessaa akka ta’e dha.
f. Barsiisonni hedduun mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhatee
hojjechiisuu irraatti rakkinni jirachuu.
49

5.3. Yaboo

Manni Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa gama hojiirra oolmaa mala barataa jidduu
galeessaa godhateen barsiifamu murteessaa fi barbaachiisaa waan ta’eef manni barumsaa kun
mala barataa jidduu galeessaa godhateen barsiifamu kanatti akka fayyadamuu qaban gadi
fageenyaan hojjeechuu qabu.

a. Lakkoofsi barattootaa fi haalli daree barnootaa jiru hojiirra oolmaa mala barataa
jidduu galeessaa godhateen barsiifamu dareen mijaawoo fi barnoota qulqullina qabu
barsiifamuuf haal dureen kun jiraachuun murteessaa akka ta’e dha.
b. Hojiirra oolmaa mala barataa jidduu galeessaa godhateen barsiifamu barattoonni
sodaatan ykn leeyya’an (saalfataniifi), suuta waa hubataan akka si’aa’inaan hirmaatan
jajjabeessa.
c. Hojiirra oolmaa mala barataa jidduu galeessaa godhateen barsiifamu dogoggora
uumamu sirreessuun akka marii isaanii mata duricharra taasifatan taasisuu
d. Qaamonni dhimmi isaanii ilaallatu manneen barnootaa keessatti meeshaalee
barnoota afaanii (silabasii, qajeelcha barsiisaafi kitaaba barataa) hanga danda’ame
yeroon akka qaqqaban osoo godhame.
e. Manneen barnotaa keessatti dareewwan barnootaa mijatoo ta’an teessoo guutuu
wajjiin osoo qophaa’an; manneen barnootaas gocha kanaaf haalota osoo mijeessaniifi
hojiira olchan osoo godhame.
f. Barsiisonni Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa Lammaffaa Barnoota Afaan
Oromoo mala baruu barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen akka barsiisaan
manni barumsichaa xiyyeeffannoon hojjechiisuu murteessaadha.
50

6. WABIILEE

Aggrawel, J .C. 1996. Principles, Methods and Techniques of Teaching, S.N.Printers.


Batstone, R. 1995. Grammar. Oxford: Oxford University Press.
Bonwell, C. and Elison, A. 2003. Active Learning Creating Excitement in the Classroom.
Rhen: Grips.
Brand, H. 2000. Teachers Centered Institution vs Student Centered Institution:Armuchee High
School. Newyork: American Government Schools.
Chet, M., Jones, T. B, and Thomas, B. 2001. Promoting Active Learning Strategies for the
College Classroom. Sanfransisco: Jossey Base 14.
Creswell, J.W. 2009. Research Design.Qualitative and Mixed Research Method Approches
(3rd ed.).Thous and Calif: Sage Publication.
Farrant, J.S.1980. Principles and Practice of Education.New Edition.Longman: Longma
Group Ltd.
Filee Jaallataa. (2019). Malleen Qorannoo. Finfinnee : Oromiyaa. ADP printing press.
ICDR.1999.Teachers Education Hand Book. Addis Abeba: Finfinne Printing.
Lue, E. 2000. “Understanding the Concept of Curriculum” The Basis of Improving Quality”
BESO, Project. Addis Ababa: Ethiopia. (unpublished).
Macharia, S.N. and Waria, L.M. 1994. Teaching Practice in Primary Schools. Hong Kong:
Macmillan. Publishing Company.
MC-Combs, B.L. and Whisler, J .S.1997. The Learner Centered Classroom and School:
Strategies for Increasing Students Motivation and Achievement. Sanfrancisco:Jossy Bas.
Moore, K. 2001. Classroom Teaching Skills. Newyork: Mc Graw Hill.
Moore, K. 2001. The Implementation of Student Centered of Teching in Secondary Schools of
Mene Sibu Woreda”. Addis Abeba Univeristy (Unpublished).
Murcia, 1991.Teaching English as a Secondary Language. Newyork: Longman, Inc.
Mutassa, N.G. and Wills, G.M.1994. Modern Practice in Education and Science. Gaborone:
Bostwana. (unpublished).
Nachmias, D. Nachmias, C. 1987. Research Methods in the Social Sciences. USA: St,
Martin’s Press Inc.
Nunan, D. 1988. Learner Centered Curriculum. Cambridge Univeristy Press.
51

Opwis, K. and Spada, J. 1994. Problem Solving and Learning Computer Modeling.The
Internationa Encyclopedia of Education. (2nd ed.) Vol.18 Elsevier Science Inc.
Oskarsson, M.1978. Appropriate to Self Assessment In Foreign Language Learning.Oxford:
OUP.
Plass, H. 1998. “The Learner Centered Classroom.”In Amare Asgedom and etal. (eds.)
Quality of Education in Ethiopia Vision For the 21stcentury‟.Institute of Educational
Research. Addis Abeba Univeristy (Unpublished).
Reed, A.J. and Bergemann, V.E.1995. In The Classroom: An Introduction to Education (2nd
ed.) North Carolina, Asheville: DPG Inc.
Richards, J. and Rodgers, C. 2001. Approaches and Methods in Teaching ForeignLanguage.
Cambridge: CUP.
Shank, C. 1999. The Act of Teaching. Boston: Mc Graw Hill Companies, Inc.
Silberman, M. 1994. Active Learning: 101 Strategies to Teach An Subject. Boston: Ally and
Bacon.
Smith, R. 2004. Student Centered Learning. (File://A:Student Centered %20 learning. htm).
Squazzin, T. and Grann, M.V. 1998. Education Reform and Innovations in Nambia. Okahanja:
Nambia. Teachers and Trainers. Cambridge: Cambridge University Press.
Tigist Kormee. (2008). Sakatta’a Hojiirra Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Gidduu
galeessa Godhate:Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Magaala Gindhiir Kutaa 9ffaa Irratti
Yuunivarsiitii Addis Ababaa(kan hin maxxanfamne).
Tudor, I. 1996. Learner Centerdness as a Language Education. Cambridge: CUP. Classroom.
Wajinryb, R. (1992). Classroom Observation Tasks. A Resource Book for Languge Teachers
and Trainers. Cambridge University Press.
Wasyihun Alamirew .(2006). “ The Implementation of Student Centered.Of Teching In class
room. (unpublished).
Yalew Endawok, 2004.Teachers Beliesf, Knowledge and Practice of Learner Center
Approach in Schools of Ethiopia. The Ethiopian Journal of Education, Vol. xxiv No.2
pp.17-39.
Zewude Tibebu, 2005. “In The Implementation of Student Centered Methods The Analysis of
Student Related Problems in Jimma Zone Seto Semaro School.”Jimma Univeristy
(Unpublished).
52

Zoltan, D. 2007. Research Methods In Applied Linguistics. Quantitative, Qualitative and


culture.
አብዱራህማን መሀመድ፡፡ (1983) ፡፡ መምህሩና ስራው ፡፡ አዲስ አበባ ፣ ት.መ.ማ.ማ.ድርጅት ፡፡
ኤልያስ አድማሱ፡፡ (1997)፡፡ ‹‹በኦሮሚያ መምህራን ኮሌጆች ውስጥ መሰረታዊ አማርኛ የሚያስተምሩ መምህራን
የተማሪ ተኮር አቀራረብ የክፍል ውስጥ አተገባበር ፍተሻ፡፡›› ያልታተመ፡፡
53

DABALEEWWAN

YUNIVARSIITII HARAMAAYAA

DAAREKTOREETA BARNOOTA SAGANTAA DIGIRII DURAAN BOODAA.

Sakatta’a fi Xiinxala Hojiirraa Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Gidduu


Galeessa Godhate: Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa Afaan Oromoo kutaa 9ffaa
Irratti Xiyyeeffachuun. Qorannoo Sagantaa Barnoota Digirii Lammaffaa (MA).

DABALEE “A”

BAR-GAAFFII

Gaafilee qorannoo barattootaan deebi’an

Kabajamoo barataa/ttuu barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa; gaaffilee qorannoo kanniin
naaf deebisuuf hayyamuu keetiif guddiseen si galateeffadha. Kaayyoon Bar-gaaffii kanaa
sakatta’a hojiirraa oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate: mana
barumsaa baatee sadarkaa 2ffaakutaa 9ffaa irratti xiyyeeffachuun Magaalaa Haramaayaa mana
barumsaa Baatee sadarkaa 2ffaa keessatti Mata duree jedhu irratti qorannoo gaggeefamuf
odeeffannoo barbaachisaa ta’ee argachuufidha. Kanaaf atis barnoota Afaan Oromoo
keessatti kallattiin hirmaatta waan ta’eef odeeffannoon ati naaf kennitu galma ga’iinsa
qorannoo kanaatiif ga’ee guddaa qaba. Kana waan ta’eef gaafilee dhiyaataniif deebii
dhugaa ta’e deebisuun odeeffannoo akka naaf laattu kabajaadhaan si gaafadha.

Guca mirkaneeffannaa, bargaaffii sakatta’a hojiirra oolmaa mala baruu barsiisuu barataa
gidduu galeessa godhate. Bargaaffii kun, gabatee keessatti gaaffii fuulduratti mallattoo (√)
kaahuun deebiisun ibsama.

ODEEFFAANNOO DHIMMOOTA WALIIGALAA

Maqaa mana barumsaa_____________________


Kutaa_____________
Daree_______________
54

Guyyaa_______________

Saala: Dhi Dub


Umurii: 15-18 19-21 22-25
Qajeelcha: Gaafilee armaan gadii deebisuuf akka isinitti tolu, furtuu armaan
gadii hubadhaa. Kana booda, mallattoo// lakkofsa deebii keessan bakka
bu’uu danda’u jalatti barreessaa. 5. Daraan olaanaa 4. Olaanaa 3. Jiddugaleessa 2.
Gadi aanaa 1. Daraan gadi aanaa
1. Malli baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate hammi itti gaggeeffamuu
2. Danqaalee mala barataa gidduu galeessa godhate hojiirra oolchuu keessatti barsiisota
muudatan seecca’uu
3. Rakkoo hojirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeeffate hojiirra oolchuuf
gufuu ta`aniif furmaanni kennamee
4. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate keessatti hojii dareen hammi
madaalamtan
5. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate hammi barattoonni fayyadaman
6. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate yeroo hundaa ni gageefamaa?
7. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate yeroo heddu dhimma itti bahama
jiraa?
8. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate keessatti akka hojii daree kennun
ittin madaalamtuu?
9. Barsiisonni keessan kaka’umsaa fi fedhii akka horattaan isin taasisuu?
10. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate keessatti yeroo dogoggorrii
uumame akka sireeffattan isin taasisuu?
11. Yeroo baay’ee mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate keessatti akka
gareen marii’attan isin taasisuu ?
12. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate caalaatti barattoonnii
fayyadamoodhaa?
13. Kutaa barnoota Afaan Oromoo keessatti barsiisaan keessaan bu’aa walitti fufaa kuusaa
markii qophaa’e dareetti guyyaa guyyaan qabatee/ttee seenuun itti fayyadamaa jiru ?
14. Hojirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeeffateetti rakkoo ta`aniif
furmaata kennameraa?
55

DABALEE “B”
GAAFANNOO AFGAAFFIILEE BARSIISOTAA
Kabajamaa barsiisaa, gaafileen armaan gadii Sakatta’a fi Xiinxala Hojiirraa Oolmaa Mala
Baruuf Barsiisuu Barataa Gidduu Galeessa Godhate: Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaa
Afaan Oromoo kutaa 9ffaa Irratti Xiyyeeffachuun hojiirra ooluu fi dhiisuusaa qorachuuf
odeeffannoo adda addaa walitti qabuuf kan dhiyaataniidha.

Kaayyoon qorannoo kanaa barnoota Afaan Oromoo, Ogummaa fi qunnamtii mata duree
“Sakatta’a Hojiirraa Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Gidduu Galeessa Godhate: Mana
Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaakutaa 9ffaa Irratti Xiyyeeffachuun” irratti ragaa funaanuuf
gaaffilee armaan gadii bu’uura godhachuudhaani. Kabajamoo iddattootaa, odeeffannoon
isanirraa argamu qorannoo gaggeeffamu kana guutuu akka taasisu ni amanama. Kanaafuu,
odeeffannoo dhugummaa fi qabatamummaa qabu akka naaf kennitan kabajaan isin gaafadha.

Guca mirkaneeffannaa, afgaaffii sakatta’a hojiirra oolmaa mala baruu barsiisuu barataa
giddugaleessa godhate afgaaffii kun, gabatee keessatti gaaffii fuulduratti mallattoo (√)
kaahuun deebiisun ibsama.

Maqaa mana barumsaa__________


Kutaa_____________________
Daree____________________
Guyyaa___________________

1. Saala: Dhi Dub

2. Umurii 21-25 26-30 31-35 36-40 41-45

3. Sadarkaa barumsaa: Dippiloomaa Dig MA kan biroo

1. Kutaa barnoota Afaan Oromoo keessatti yeroon barnootaaf kenname gahaadhaa?

2. Kutaa barnoota Afaan Oromoo keessatti baay’inni barattootaa fi bal’inni daree


walsimaa?

3. Bakki barattoonni irraa dhufan mana barumsaa irraa faggeenya qabaa?


56

4. Kitaabileen barataa baay’ina barattootaan walsimaa?


5. Mala baruuf barsiisuu barataa giddu galeessa godhate fayyadamuuf kan gargaaran
teessoon mijatoon jiraa?

6. Mala baruuf barsiisuu barataa giddu galeessa godhate ilaalchisee barsiisonni mana
barumsichaa yaada waljijjiira jiruu?

7. Malli baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate barataa sirritti fayyadamaa ni
taasisaa?

8. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate fayyadamuun kaayyoo


barnoota afaanichaa galmaan ni gahaa?

9. Mana barumsaa keessatti qabatamaan malli baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa
godhateen barsiifamaa jiraa?
57

DABALEEWWAN C

YUNIVARSIITII HARAMAAYAA

DAAREKTOREETA BARNOOTA SAGANTAA DIGIRII DURAAN BOODAA

Sakatta’a fi Sakkata Hojiirraa Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Gidduu Galeessa
Godhate: Mana Barumsaa Baatee Sadarkaa 2ffaaAfaan Oromoo kutaa 9ffaa Irratti
Xiyyeeffachuun Qorannoo Sagantaa Barnoota Digirii Lammaffaa (MA)

Dabalee :Daawwannaa Daree

Gaafilee qorannoo barsiisotaanfi barattootaa deebi’anidha, kabajamoo barsiisotaafi barattootaa


barnoota Afaan oromoo kutaa 9ffaa; gaaffilee qorannoo kanniin naaf deebisuuf hayyamuu
keetiif guddiseen si galateeffadha. Kaayyoon daawwannaa daree kanaa Sakatta’a Hojiirraa
Oolmaa Mala Baruuf Barsiisuu Barataa Gidduu Galeessa Godhate: Mana Barumsaa Baatee
Sadarkaa 2ffaa kutaa 9 ffaa Irratti Xiyyeeffachuun Mataduree jedhu irratti qorannoo gaggeefamuf
odeeffannoo barbaachisaa ta’ee argacuufidha. Kana waan ta’eef gaafilee dhiyaataniif deebii
dhugaa ta’e deebisuun odeeffannoo akka naaf laatani kabajaadhaan si gaafadha.

Guca mirkaneeffannaa, daawwannaa sakatta’a hojiirra oolmaa mala baruu barsiisuu barataa
giddugaleessa godhate. Daawwannaan kun, filannoowwan gosa lama of keessatti kan qabate
yoo ta’u, gabatee keessatti gaaffii fuulduratti mallattoo (√) kaahuun deebiin ibsama.

Odeeffannoo Dhuunfaa

Maqaa mana barumsaa_______________


Kutaa________________
Daree_________________
Guyyaa_______________
58

Gahee Barsiisaa
1. Barsiisaan ykn barsiistuun Karoora waggaafi karoorri guyyaa qaba/ qabdi?
2. Karoora waggaa irratti mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate ni
qaba?
3. Barsiisaan gaaffilee ofii isaa deebisuurra barattootni akka deebisan carraa
kennaafii?
4. Barattootni gaaffilee akka ofii isaan deebisan carraa barsiisaan ni kennaafii?
5. Hojii garee qopheessee dhiyeessuun garee hundaafuu carraa dareef ibsa kennuu
6. Miseensonni garee hundaayyuu dammaqinaan akka hirmaatan jajjabeessuu
7. Mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate kaayyoo barnoota afaanii
isa kam galmaan gahuufi?

Gahee Barattootaa

1Barattootni gareen mari’atuu?


1. Barattootni garee keessatti wal qixa hirmaatuu?
2. Barattoonni gareen mari’achuuf kakka’umsa qabu?
3. Kitaabileen barnootaa Afaan Oromoo barataa hundaa gaheraa
4. Teessoowwan daree keessaa haalaan tarreeffamoo dha?
5. Iddoo bararattoon dhufaan mana barnoota irra faggoodha?
6. Hami barattoonni deebii akka deebiisaaniif barsiisaan carraa kennu

Bargaaffii banaa barattootaafi qophaa’e

Qajeelcha:Gaafilee armaan gadii deebisuuf akka isinitti tolu,furtuu armaan gadii


hubadhaa. Kana booda, mallattoo//lakkofsa deebiikeessan bakka bu’uu danda’u jalatti
barreessaa. Galatoomaa
1. Malli baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhate hammi itti gaggeeffamuu
1.1.________________________________________________________________
1.2.________________________________________________________________
1.3.________________________________________________________________
1.4.__________________________________________________________________
59

1.5.__________________________________________________________________
2. Garee uumame keessatti barataan tokkoon tokkoon isa gahee maal maal qaba?

2.1.____________________________________________________________
2.2.____________________________________________________________
2.3.______________________________________________________________
2.4.___________________________________________________________
2.5._____________________________________________________________
3. Barattootni mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeessa godhateen
keessatti rakkoowwan ni jira? Yoo jiraate sababoota isaanii faanaa ibsi.
3.1.____________________________________________________________________
3.2.____________________________________________________________________
3.3.____________________________________________________________________
3.4.____________________________________________________________________
4. Rakkoo hojirra oolmaa mala baruuf barsiisuu barataa gidduu galeeffate
hojiirra oolchuuf gufuu ta`aniif furmaanni kennamee
4.1.________________________________________________________________
4.2.________________________________________________________________
4.3.________________________________________________________________
4.4.__________________________________________________________________
4.5.__________________________________________________________________
60
61

You might also like