Professional Documents
Culture Documents
Saadiyyaa
Saadiyyaa
SAADIYYAA MAHAAMMAD
AMAJJII 2024
Saadiyyaa Mahaammad
Amajjii 2024
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Akka koree madaaltota boordii dhiyeessa MA kanaatti faccisni qormaataa kun hundaaf
banaa yoo ta‟u, nuti dhiyeessa waraqaa kana dubbisuufi madaaluun ilaallee faccisa irrattis
argamnee qorreerra. Waraqaa qorannoo ulaagaa digirii Lammaffaa Oguma Oromootiin
guuttachuuf Saadiyyaa Mahaammadiin mataduree“Xiinxala Sirboota Jaalalaa Aadaa
Dubartoota Ituun Sirbaman: Xiyyeeffannoon Godina Harargee Lixaa Aanaa
Burqaa Dhiintuu”jedhurratti qophaa‟e adeemsa barbaachisu guutee kan dhiyaate ta‟uu
isaa ni mirkaneessina.
i
i
IBSA QORATICHAA
Waraqaan qorannoo kun hojii dhuunfaa koo yoo ta‟u, kanaan dura hojii nama
kamiyyuunu hin hojjetamneefi ulaagaa kamiyyuufu yuunivarsiitii kamiyyuu keessatti kan
hin dhiyaanne ta‟uusaafi wabiileen qorannoo kanaaf dubbisee fayyadame ammoo hunda
isaanii wabiilee jala kaa‟uu koo mallattoo kootiinan mirkaneessa.
Mallattoo:_______________
Guyyaa:_________________
ii
SEENAA QORATAA
Ani maqaan kooSaadiyyaa Muhaammadiin jedhama. Bara 1982 ALA‟tti abbaa koo Obbo
Muhaammad _Ahmadii fi harmee too Aadde Faaxumaa Muussaa irraa Godina Baalee
Aanaa Gindhiirganda Walta‟ii Atootaa jedhamuttn dhaladhe. Akkuma umriin koo
barnootaaf geesseen bara 1990 mana barnootaa Walta‟ii Atootaa jedhamutti barnoota
sadarkaa tokkoffaa barachuu jalqabe. Manuma barnootaa kanatti sadarkaa tokkoffaa
xumureen sadarkaa lammaffaaf bara 1997gara Magaalaa Gindhiir dhufe. Kanaanis bara
1998 -1999tti Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa xumureen, Qophaa‟in Aanaa
Gololchaa magaalaa Jaarraa jedhamutti baradhee xumure. Bara 2002-2004 Yuunivarsiitii
Jimmaatti Muummee Afaan Oromoofi Ogumaa barachuun barnoota koo digirii jalqabaa
(BA) argadhee eebbifame. Bara _2010 irraa eegaluun ammoo sagantaa Gannaatiin
barnoota digirii Lammaffaa (MA) Yuunivarsiitii Haramaayaatti Muummee Afaan
Oromoo, Ogumaafi Qunnamtiitti sagantaa Oguma Oromootiin barachaan jira.
iii
GALATA
Duraan dursee waaqa na uumee, fayyaa naaf kennee bu‟aa bahii hundumaa keessa
dabarsee carraa kana naaf kenneef galanni haata‟u. Itti aansuudhaan, hojii qorannoo akka
ija godhatuuf jalqabaa eegalanii hamma fiixaan ba‟iinsa isaatti yeroo naaf kennuun
gorsaafi qajeelfama adda addaa naaf laachuun kanneen na qajeelchaa turan Fiqaaduu
Baldaa (Ass. Prof.) fi Mohaammad Abdoo (Ass.Prof.) guddaan isaan galateeffadha.
Itti aansuudhaan, abbaa warraa kooMootummaa Firrisaa yeroon hojii qorannoo kana
hojjedhutti waan hundaan na cinaa dhaabbachuun deeggarsa naaf taasisaa tureef galanni
koo guddaadha.Akkasumas, odeeffannoo kennitoota kankoo warreen qorannoon kun
akka guutuu ta‟uuf odeeffannoo naa kennuun fiixaan ba‟iinsa hojii kanaaf tumsa guddaa
raawwachaa turan onneerraahin isaan galateeffadha. Hiriyoottan kankoo kanneen
kitaabilee wabiif naaf ta‟an naafergisuufi yaadaan kallattii naaf akeekuun na cinaa
dhaabbachaa turan nan galateeffadha.
BAAFATA QABIYYEEWWANII
IBSA QORATICHAA i
SEENAA QORATAA ii
GALATA iii
AXEREERAA vii
1. SEENSA 1
1.1. Seenduubee Qorannichaa 1
1.2. Ka‟umsa Qorannichaa 3
1.3. Kaayyoo Qorannichaa 5
1.3.1. Kaayyoo Gooroo 5
1.3.2. Kaayyoo Gooree 5
1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa 5
1.5. Daangaa Qorannichaa 6
1.6. Danqaalee Qorannichaa 6
1.7. Qindoomina Qorannichaa 7
3. XIINMALA QORANNICHAA 20
3.1. Haala Waliigalaa Aanaa Burqaa Dhiintuu 20
3.1.1. Haala Hundeeffama Aanaa Kanaa 20
3.1.2. Gosa Oromoo Aanaa Kana Keessa Jiraatan 20
3.1.3. Iddoowwan Hawwata Turiziimii Aaanichi Qabu 21
3.2. Saxaxa Qorannichaa 22
3.3. Madda Ragaalee 23
3.4. Iddattoofi Mala Iddatteessuu 23
3.4.1. Iddattoo 23
3.5. Malleen Funaansa Ragaalee 24
3.5.1. Afgaaffii 24
3.5.2. Marii Garee 24
3.5.3. Sakatta‟a Dokumentii 24
3.5.4. Daawwannaa 25
3.6. Tooftaa Qaaccessa Ragaalee 25
WABIILEE 56
DABALEEWWAN 58
Dabalee A 58
Dabalee B 60
Dabalee C 62
vii
AXEREERAA
Qorannoon kun mata-duree, “Xiinxala Sirboota Jaalalaa Aadaa Dubartoota Ituun
Sirbaman: Xiyyeeffannoon Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhiintuu” jedhurratti
kan hojjetame.Kaayyoon gooroon qorannoo kanaa sirboota jaalalaa aadaa Aanaa
Burqaa keessatti dubartootaan sirbaman xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan
gahuudhaaf qorattuun saxaxa qorannoo ibsaatti kan fayyadamte yommuu ta’u, mala
iddatteessuu akkayyoo fayyadamuudhaan iddattoowwan filattee jirti. Meeshaalee
funaansa ragaalee jiran keessaa, afgaaffii, marii garee, daawwannaafi sakatta’a
dokumentii fayyadamuun ragaalee guurrattee jirti. Ragaalee madden gararagaraa irraa
walitti qabatte immoo mala qaaccessa ragaalee keessaa mala akkamtaa
fayyadamuudhaan xiinxaltee. Ragaalee xiinxalaman irraa qorattuun argannoowwan
sadii kan argatte yommuu ta’u, inni tokkoffaan sirbi jaalalaa aadaa qabiyyeewwan
gurguddoo lama kan of keessaa qabu ta’ee lameenis, yaadaafi yaaddoo jaalalaafi
jajannaa akka ta’e argannooshee lafa keessee jirti. Argannoon lammaffaa immoo sirbi
jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu hawaasa keessatti wantoota sirriifi qajeeltoo ta’an
jajjabeessuufi wantootni hawaasa keessatti bu’aa qaban akka itti fufan akkasumas
aadaafi safuun akka hin banne bashannansiisaa kan gorsudha. Argannoon inni dhumaa,
sirbi jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu yeroo qoraan cabsan, yeroo gundoo hodhan,
bakka cidhaattiifi yeroo durii ammoo yeroo daakuu daakan faa akka sirbamu qorannoo
isheetiin bira geessee jirti. Yaboo qorannichaa ilaalchisee, sirboonni jaalalaa aadaa
dubartootaan Aanaa Burqaa Dhintuutti sirbaman yeroo ammaa kana dagatamaa waan
jiraniif gama ogeessota aadaafi Turizimiitiin akkasumas, hawaasa hundaanuu
xiyyeeffannoon itti kennamee kunuunfamuu osoo danda’e gaariidha.
1
1. SEENSA
Ummanni Oromoo akkuma ummanni biroo afoola qabu innis afoola gosa adda addaan
ummata badhaadhee jiruudha. Afoolatti fayyadamee jiruufi jireenya isaa kan guyyaa
guyyaa qajeelfachaati ture; har‟as itti fayyadama jira. Yaada kana ilaalchisuun Fedhasaan
(2013) yoo ibsu, “Oromoon afoolatti fayyadamee dhaloota haaraaf ergaa dabarsaa kan
ture ta’uunsaafi falaasama cimaa kan qabu akka ta’e qorannoon hayyootaa ni
mirkaneessa,” jechuun ibsa. Yaadni kun kan inni ibsu, ummanni Oromoo gammachuu,
gadda, gootummaa, sirna ittiin bulmaataafi haalota kanneen biros dabalatee afoolatti
gargaaramee dhaloota dhufaa darbaaf dhaamsa kan ittiin dabarfatuufi falaasama adda
ummata qabu ta‟uu isaati.
Afoolli beekumsa, seenaa, qarooma, eenyummaafi ilaalcha sabaa kan agarsiisu mallattoo
sabni tokko saba biroorraa addaan bahee ittiin beekamuudha.Afoolli seenduubee ummata
tokkoo ibsuu irratti shoora hammana hin jedhamne taphachuu danda‟a.Ga‟ee inni taphatu
kana hayyoonni hedduun ibsuu danda‟aniiru.Yaada kana ilaalchisuun Dirribaa (1999:48)
akka ibsutti, “hawaasni tokko madda dhaloota isaa ykn haala ittiin walhore, haccuuccaa
irra gahaa ture, qunnamtii ummata biroo waliin qabu hunda kan ittiin ibsu
afoolani.Hambaawwan afaaniin dhaloota tokko irraa gara dhaloota birootti darbaa turan
keessaa afoolli isaa tokko.Afoolli haala jiruufi jireenya dhaloota darbee kan ibsu
daawwitii aadaafi jireenyaati,” jedha.
Gosoota afwalaloo keessaa sirbi isa tokko.Sirbi daawwitii hawaasni tokko jiruufi jireenya
isaa keessatti of ilaaluudha. Kunis, dandeettii, ogummaafi falaasama ummanni tokko
qabu kan mul‟isu; mul‟iftuufi riqicha hambaa seenaa dhalootaa gara dhalootatti dabarsuuf
humna guddaa qabuudha. Waan darbe galmeessuun ykn dhiyeessuun wanta dhufu faana
walitti araarsuun,kanbu‟aa ba‟ii jiruufi jireenya dhala namaa dhufaa-darbaa calaqqisiisu,
sona aadaafi seenaa saba tokkoo akkaataa adda addaatiin dhiyeessuufi amala jireenya
ilmaan namaa ibsuu kan danda‟uudha (Merriam, 1965).
Sirboonni uumamaan jechoota, yaada, komiifi kkf bilisummaadhaan akka ibsannuuf kan
nu gargaaran ta‟uu akka ta‟e ibsitee jirti. Yaada kana irraa kan hubannu,namoonni sirbaan
ilaalcha addunyaa kanarraa qaban, waan yeroofi haala darbe hunda ittiin ibsatu. Ergaa
sirbootaa beekuufis haala isaan keessatti sirbaman beekuun gaarii ta‟a.
Ummanni Oromoo jiruufi jireenya isaa keessatti ta‟iiwwan isa mudataniif sirbaan yaada
isaafi waan isatti dhagahame yeedaleessee himata.Falaasamni isaa, ilaalchi inni addunyaa
kanaafi uumama addunyaa kanaaf qabu, jaalalliifi tokkummaan inni walii isaaf qabu
sirbootaan calaqqisiifama. Kanarraa kan ka‟e, seenaa, aadaa, duudhaa, falaasamaafi
3
Darajjee (2019:23), “Sirbi waan hedduudha.Aadaa ofii akka ittiin boonaniifi bashannanan
taasisa. Bakka dhalootaa, ijoollummaa, amantii ofiifi kkf nama yaadachiisa. Sirbi yaada
laafe cimsee, xiqqaa guddisee, doofaa qaroomsee, naamusa tolchee guutuu nama taasisa.
Sirboonni aadaafi seenaa waan tokkoo beekuudhaaf tooftaa gaariidha.”jechuun kaa‟a.
Yaada nama kanaarraa kan hubannu sirbi gooroo hedduu qabaachuu isaafi dhimma
baay‟eef kan tajaajilu ta‟uu isaati. Oromoof sirbi jiruu isaati.Haala hojii isaa, falaasama
isaa, amantiifi aadaa isaa hunda sirbaan calaqqisiifata.
Dabalatanis, Dafaa (1974) akka barreessetti, sirbi si‟aahanii hojii hojjechuuf, wal
mararsiisuuf barbaachisaa ta‟uu isaafi akka ispoortiitti dhaqna namaa jabeessee kan
cimsu ta‟ee walaloo hojjechuuttis kan nama kakaasu akka ta‟e ibsa. Sirbi sagaleen
faaggaafi dibbeedhaa, sagaleen weedduu durbaa kan keessatti dhagahamuufi madda
gammachuu ta‟uu isaa eera. Kanuma bu‟uura godhachuudhaan qorannoon kunis sirboota
jaalalaa aadaa dubartoota Ituun sirbaman, kaayyoo isaan sirbamaniif, yoomessaafi
qabiyyee isaa xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatudha.
Walumaagalatti, sirbi gosoota afoolaa keessaa sirbi isa tokko ta‟ee jiruufi jireenya
hawaasa tokkoo sirriitti ibsuu kan danda‟uufi umrii dheeraa kan qabuudha. Kanaafuu,
yeroo yerootti qorannoowwan adda addaa irratti taasifamuun hedduu
barbaachisaadha.Kanumarraa ka‟uudhaan, hayyoonniifi qorattoonni hedduunis sirboota
jaalalaa irratti qorannoo gaggeessaniiti jiru.Sirboota jaalalaa aadaa dubartootaa irrattis
hamma tokko qorannoon taasifamteera. Haa ta‟u malee, qorannoon sirboota jaalalaa
irratti taasifamaa jirtu hamma barbaadamu kan irratti hin hojjetamin waan ta‟eef
ammayyuu dhimma qorannoo bal‟aa barbaaduudha. Kanumarraa ka‟uudhaan, qorannoon
kunis kallattiin xiinxala qabiyyeewwaniifi ergaalee sirboota jaalalaa aadaa dubartoota
Ituun sirbaman irratti xiyyeeffachuun kan geggeeffamuudha.
Sirbi jaalalaa aadaa dubartootaan sirbaman, bu‟aa ba‟ii dubartoonni addunyaa jaalalaa
keessatti dabarsan, gufuuwwan jaalala keessatti isaan mudataniifi wantoota kana
4
Gama biraatiin immoo, qorannoon akka aanaa kanaatti, sirba jaalalaa dubartootaan
sirbaman xiinxaluuf hojjetame hin jiru.Isa kana qorattuun waajjira aadaafi Turizimii
aanichaatti ogeessota misooma afaanii irraa iyyaafachuun adda baafattee
jirti.Qorannoowwan kallattiidhaan sirba aadaa dubartootaan sirbamu irratti qoratamuu
yoo baatellee sirboota adda addaa irratti qoratamee jira.Fakkeenyaaf, Maammoo (2017)
Yuunvarsiitii Addis Ababaatti mata duree, “Qaaccessa Qabiyyeefi Unka Weedduu
Arrabsoo Durbaa Sirna Naqatanii Fuudhuu Godina Wallagga Lixaa Aanaa Haaruu”
jedhurratti qoratee jira. Qorannoon kun yoomessaafi qabiyyeedhaan mata duree kanarraa
fagoodha. Garuu, weedduu durbaa ta‟uu isaatiin mata duree qorattuu kanaatti siiqa.
Kanaafuu, qorattuun kun immoo qabiyyeewwan Maammoon hin qoratiin sirba jaalalaa
aadaa dubartootaan sirbamu waan qorachuuf karoorfatteef xiyyeeffannoon
qorannoowwan lamaanii garaagarummaa qaba. Dabalataanis, Oliyaad (2018) mata duree
“Xiinxala Qabiyyee Weedduu Jaalalaa: Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gudayyaa
Biilaairratti Kan Xiyyeeffate”jedhu irratti qorannoo geggeesseera. Qorannoon kunis
qabiyyeedhaan mata duree qorattuu kanaan walitti dhiyaata yoomessaan garuu gargari.
5
Kanumarraa ka‟uudhaan, anis itti dabaluun sirboota jaalalaa aadaa dubartoota Ituun
sirbaman irratti xiyyeeffachuun walitti qabuun qabiyyeewwan, yoomessaafi ergaalee
isaanii xiinxaluun dhaloota har‟aa barsiisee, kan dhaloota dhufuuf ammoo bifa
barreeffamaan ol kaa‟uuf kaayyeeffadhee itti seene.Walumagalatti, qorannoon kun
gaaffilee qorannichaa armaan gadiitti dhiyaataniif deebii kenna.
1.3.1. KaayyooGooroo
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa sirboota jaalalaa aadaa dubartoota Ituun sirbaman
xiinxaluudha.
Qorannoon kun bu‟aalee hedduu qaba jedhamee amanama. Akaakuun afwalaloo kun
qoratamee oltaa‟uun isaa namootni biroon waa‟ee afwalaloo kanaa hin beekne akka irraa
baratan taasisuu danda‟a. Akkasumas, akaakuu afwalaloo aanichatti uummanni itti
fayyadamu keessaa sirba jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu kanaan walqabatee
hawaasa aanichaa hawaasa aanota ollaa biroo keessa jiraatan waliin wal barsiisuuf ni
fayyada. Dabalataanis, aadaan hawaasa keessa jiru akka kunuunfamuufi eegamuu akka
6
Qorannichis afoola keessaa kan gaggeeffame sirba irratti. Sirbis gosoota hedduu kanneen
akka sirba jaalalaa, sirba siyaasaa, sirba cidhaa, sirba hojiifi kkf jennee kaasuu
dandeenya.Sirboota kanneen keessaa xiyyeeffannoon qorannoo kanaas sirba jaalalaa
dubartootaan sirbamu irrattidha.
na gargaaran kanneen argachuun wal qabatee na qunnaman ammoo mana kitaabaa, toora
interneetiifi waraqaalee qorannoo adda addaa oliifi gadi gara gaggalchuun
odeeffannoonbarbaaduargachuun qorannoo kiyya kana hojjechuu danda‟eera.
Qorattuun kun mata-duree “Qaaccessa Sirba Jaalaalaa Aadaa Dubartoota Ituun Sirbamu:
Xiyyeeffannoon Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhiintuu: jedhu boqonnaalee
adda addaatti qooduun dhiyeessite. Isaanis: boqonnaa tokkoffaa keessatti: seenduubee
qorannichaa, ka‟umsa qorannichaa, kaayyoo qorannichaa, barbaachisummaa
qorannichaa, daangaa qorannichaa, hanqina qorannichaafi qindoomina waraqaa
qorannichaatu dhiyaate.
2.1. Afwalaloo
Sirba ilaachisee beektotni kallattii adda addaan hiika garaagaraa kennaniiru. Woube
(2002:87) Lomax (1968) wabeeffachuun hiika sirbaa yoo kennu kan muuziqaafi haasawa
of keessaa qabu jechuudhaan ibse. Yaadni kun sirboonniifi haasawni wanta aadaa ta‟uu
isaanii nutti hima. Woube‟n nama Sharmm (1960) jedhamu eeruudhaan akka
ibsettimmoo, sirboonni tooftaalee ilmi namaa odeeffannoo ittiin dabarfatuufi argatu
keessaa waan tokkodha. Yaadrimee kanarraa ka‟uudhaan sirboonni walquunnamtii
hawaasaatiif akka oolan hubachiisa.
Akkasumas, Merriam (1964) maalummaa sirbaa yoo ibsitu “ song gives the freedom to
express thoughts, ideas and comments that be stated baldly in the normal language
situation”jechuun keesse. Sirboonni yaada beekumsaafi kkf ibsuudhaaf, miira namaa
10
Sirbi waan hedduudha.Aadaa ofii akka ittiin boonaniifi bashannanan taasisa. Bakka
dhalootaa, ijoollummaa, amantii ofiifi kkf nama yaadachiisa. Sirbi yaada laafe cimsee,
xiqqaa guddisee, doofaa qaroomsee, naamusa tolchee guutuu namaa taasisa.Sirboonni
aadaafi seenaa waan tokkoo beekuudhaaf tooftaa gaariidha.Merriam (1964:280) akka
ibsitutti, namni Nikta (1962) jedhamu Afriikaa dhihaatti qabiyyee sirbootaa
qorachuudhaan rakkoolee aadaafi seenaa warra Gaanaa akka ifa baase
addeessiteetti.Walumaagalatti sirboonni sochii hawaasaa tokko wanta ta‟aniif
hawaasummaa, siyaasa, dinagdee, xinqooqa, amantii fi amaloota biroo akka cimsan ibsa.
Dabalataanis, Dorson (1972) yaaduma walfakkaatu kaasa. “The performing arts intersect
each with the other and often appear in conjuction” jechuun yeroo afoolli tokko
hurruubamu, wantootni aadaa hundi akka hirmaatan ibsa. Yaadni kun yeroo sirbi tokko
sirbamu, sochiileen sirbootaafi jamaa haalli isaan itti uffatan, nyaanni isaan qopheessan,
haalli isaan keessatti taphatan hundi kan walqabatu ta‟uu isaa nuhubachiisa.
Sirboonni akkaakuu afoolaa keessaa isaan tokko ta‟anii Kan nama bashanansiisaniifi
bohaarsuuf oolanidha. Akkuma beekkamu hawaasni keenya yeroo durii irraa eegalee
hanga ammatti sirbootaafi geerarsatti gargaaramuun wantoota adda addaa ibsachaa kan
tureefi ammas ibsachaa kan jiruudha. Sirbi aadaa uummata tokko keessatti bakka
guddaa kan qabuufi yoom akka itti fayyadamnu illee kan beekkamudha. Sirbi kan
sirbamu dhimmoota hawaasummaa kanneen akka jaalalaa, jibbaa, diddaa, roorroo,
jajuuf mormuuf, gootummaaf ta‟ee waa‟ee Saba tokkoo kan ittiin Saba biraaf,waa‟ee
biyya tokkoo biyya biraatiif ittiin ibsanidha (Caalaa, 2019).
Sirbi haalota keessatti sirbamuu, maalif akka sirbamuu, yoom akka sirbamuufi eessatti
akka sirbamurratti hundaa‟uun bakka adda addaatti qoodamuu danda‟a.Yaada kana
Fedhasaa (2019:62) yoo ibsu, “Sirbi dhimma sirbamuuf irratti hundaa‟uun gosoota adda
addaatti qoodama.Gosoonni kunnenis; sirba jaalalaa, sirba cidhaa, sirba hojii, sirba
ajjeessaafi kkf.Qoqqooddin kunis, waan inni sirbamuuf irratti bu‟uuramuun
raawwatame.Dhimma jedhamuuf sanaan wal-qabatee waltajjii addaa irratti sirbamutu
dhugoomsa.karaa biraatiin, sirbi bakkaa fi haala keessatti sirbamu irratti hundaa‟uun
bakka adda addattii qoodama. Kunis sirba yeeroo cidhaa, sirba yeroo dalagaa yookiin
yeroo jigiifi gootota adda addaa faarsuuf sirba sirbamaniidha.
Sirba keessatti dhiirris ta‟e dubartootni yaada isaanii ittiin ibsachuu ni danda‟u.
Keessumaa hawaasa keenya keessatti dubartootni waan barbaadan akka barbaadanitti
dubbatachuuf carraan baay‟ee kennamaafii hin turre.Yeroo kana yaada isaanii sirba
/weedduun ibsatu jechuudha.
Yaada kana Nagarii (1995:12) yoo ibsu, “Intalli waan warri isheen jedhan tole
jedhuurraan kan hafe yeroo heerumaa murteessuus ta‟e kan jaallatte filattee kan jibbite
mormuuf haalli ulfaataadha. Namni ishee fuudhuuf itti ergate eenyu akka ta‟e beekuu
dhiisuu dandeessi, yoo beektes nama isheen hin barbaanne yoo ta‟eyyuu mirgi isheen
qabdu hammas miti. Kana hunda weedduudhaan ibsatti” jedha.
Sirbi caasaa mataa isaa qaba.Qorannoon sirba irratti adeemsifamus caasaa isaa beekuu
waliin walqabata.Yaada kana ilaalchisee Lammii (2019:32) yommuu ibsu, “Akkaataa
yaaxxina caasatti barreeffama yookiin og-afaan qorachuun waan caasaalee keessa isaa
qorachuudha. Kana jechuun caasaan og-afaanii/bareeffamni dhiyaatu tokko akkamiin
akka dhiyaatu, jechootaa akkamiitti akka fayyadamu, akkasumas haalli itti fayyadamni
jechamootaafi sadoomii /dubbii qoolaa isaa maal akka fakkaatu, akkamittis walqabaatee
akka deemu, wantoonni keessoo isaan dhiyaatan hariiroo akkami akka qaban adda
baasuudha.” Jedha.Fedhasaan (2013:91) dabalee yoo ibsu, “Qorannoo og-afaanii
keessatti xiyyeeffannoo guddaa kan argachuu qabu caasaa afoola sanaati” jedha. Akka
yaada kanaatti caasaan akkaataa ittiin dhiyeenya og-afaaniifi wantoota keessoo afwalaloo
isaanii kan ilaallatu, unki immoo bifa og-afaanii sun ittiin barreeffamu yookiin ittiin adda
bahee beekamudha.
13
Faaruun damee af-walaloo ta‟ee, kan hawaasni jiruufi jireenya isaa keessatti waan isa
muudate ittiin ibsatuudha. Kana jechuun hawaasni tokko jireenya guyyuu gaggeeffatu
keessatti gaddaafi gammachuu, jibbaafi jaalala, abdiifi hawwii, hiyyummaafi
badhaadhina, gabrummaafi bilisummaa, obsaafi ilaalcha ofii qabu karaa ittiin ibsatuudha.
Kanaafuu, dhimma jireenya isaa guyyaa, guyyaan weedduuwwan garaagaraa kan ergaa
hedduu of keessatti haammatanitti fayyadamuun ibsata. Sirbi yookiin Faaruun dalagaa
keenya guyyaa, guyyaa keessatti faayidaa guddaa kan qabu ta‟ee, isatti gargaaramnee
fedhii waan tokko irratti qabnu kan ibsannu yoo ta‟u, Finnegan(1976:242), yeroo hojii
hojjennu, jaalannu, daa‟imni dhalatu, akkasumas yeroo du‟aas ni faarsina jechuun
faayidaa sirbaa yookiin weedduu ibsiti. Kunimmoo, sirbi yookiin faaruun haala
garaagaraa keessatti sochii namoonni jireenya isaanii gaggeessuf godhan keessatti sirbi
dhiibbaa geessisuu nidanda‟a yaada jedhu ibsa.
Waa‟ee sirba jaalalaa namootni baaay‟een ni beeku. Garuu waan jedhanii ibsan itti
ulfaata. Sababni isaas, jaalalli waan killayyaa yookiin hin mul‟anne waan ta‟eef jechootni
ittiin ibsan ni ulfaata. Haata‟u malee, sirbi jaalalaa, kan namootni baay‟een miira nama
jaallatan tokkoof qaban baasanii ittiin ibsatanidha. Toorrii interneetii,
https://www.definitions.net/definition/love+song jedhu waa‟ee sirba jaalalaa yommuu
ibsu, “Sirbi jaalalaa waa‟ee jaalala keessatti kufuu, lapheen namaa jaalala adda citeen
cabuufi wantoota kanaan walqabatanii miira nama keessatti uumamanidha”jedha. Yaada
armaan olii irraa akka hubannutti, waa‟ee jaalalaan qabamuu nama tokkoo, jaalala
xumurri isaa laphee namaa tuqu, miiraafi muuxannoo jaalala irratti qabnuufi kkf irraa kan
maddu sirba jaalalaatiin ibsama jechuudha. Sirbi jaalalaa seenaafi aadaa hawaasa hedduu
keessatti kan argamu ta‟uu isaas maddi kun ibsee jira.
Yaadota armaan olii irraa kan hubannu, weedduun yookiin sirbi jaalalaa dhimmoota adda
addaa kan of keessaa qabu ta‟uu isaati.
Haala ijaarsa weedduu jaalalaa ilaalchisee, Takkaleefi Taayyee (2003: 54-59) yaada itti
aanee jiru kana barreessanii jiru:
Walaloon tokko gurratti mi‟aawuu fi miira namaa akka tuquuf akkasumas bifa muuziqaa
akka qabaatu kan dandeessisu haala sagaleeleen toora walaloo sana keessa jiran itti
ijaaramanii dha. Kunis baay‟inni sagaleelee gaaleewwan toora sana keessa jiran wayita wal
qixxaatan, yeroon isaan fudhatanis wal qixa yommuu ta‟an yaa‟i sagalees danqaa tokko
15
malee toora galanii gurra nama sanaa keessa seenu. Egaa weedduun jalalaas bifuma kanaan
qindeeffamee weeddifama.
Walaloowwan weedduu jaalalaa Oromoo gaalee walqixa qabu. Kanneen bo‟oo adda
addaa irratti gaaleen isaanii walqixxaatus ni jira. Walaloo weedduu Oromoo keessatti
kanneen toora tokko keessatti jechoota wal caalmaa qabanis ni jiru. Tooronni walalichaa
toorri walitti aanan tokko tokko gaaleelee walqixa yeroo qabaatan toorri tokko tokko
garuu darbee darbee lakkoofsi isaa gaaleeleen isaaniin ol ykn isaaniin gadii qabaachuu
danda‟a.
Fakkenyaaf:
Kun immoo duraa duuba weedduu sanaa eeguun ergaan sun sirriitti akka darbu taasisuuf
16
barbaachisaa. Yoo kana hin taane waldhahee miira miidhagina walaloo weedduu sanaa waan
fokkisiisuuf tartiiba eeguun dirqama ta‟a.
Ergaan barbaadame akka darbuuf toorri hundi wal deeggaranii guutuu ta‟anii argamuu
malu.Sababni isaas toorri tokkollee yoo keessaa hafee dhageettiif hin tolu, ergaas sirriitti hin
dabarsu.
Yaadiddamni kun kan bu`uure barataa Melville Herskovits, kan ta`e nama William
Bascom jedhamuuni. Akkaa yaada Bascomitti aartiin mallattoo „verbal art‟ jechi isaa
akka ijaarsa kalaqaatti hawaasa tajaajiluu, walitti fiduu, aadaan gidduu galeessummaan
akka ijaaramuuf gargaara. Haaluma kanaan beekaan kun tajaajila afoolli gara garaa qabus
akkasiin ilaala: mammaksi murtii seera qabeessa dabarsuu baruuf gargaara, hibboon
dhugaa qara, durduriin amala sirreessa akkasumas safuu hawaasaa eeguun waan baramoo
ta`an jechoota baramoon yookiin kanneen hawaasichi itti gargaaramuun ergaa dabarsaa
nama bashannansiisa, sirbi onnee gootaa cimsa. (Hiikaafi Alamituu,2010).
Yaada kana ilaalchiseeDorson (1972) kaayyoo guddaan yaadiddama kanaa, afoolli (oral
literature) kan qoratamuu ogummaaf qofa (for art sake) osoo hintaane, hawaasummaa,
siyaasniifi dhaabbileen aadaa hedduun osoo hinjijjiiramiin akka jiraataniif gargaarsa
kennuuf akka ta‟e ibsee jira. Ittuma dabaluun, Dorson (1972) waa‟ee gaaffii isaanii
yookaasu “… how folklore they avoid for synonyms like verbal art and expressive
literature contributes to the maintenance of social institutions…how does folklore
function in the culture?” akka jedhan barreesseera (f.20). Yaadiddamni kun ka‟umsi isaa
antirooppoolojii akka ta‟es ibseera. Namoonni ilaalcha kana cimsaa turan barattoota
„Boas‟ kan ta‟an „Ruth Benedict‟ fa‟a akka ta‟anis ibseera. Akka Finnegan (1970:30)
17
Yaadiddamni faayidaa, bu‟aa yookiin faayidaa dameen fookiloorii tokko hawaasaaf qabu
kan agarsiisudha. Akkasumas, xiyyeeffannoon yaadiddama kanaa barsiisuu (to educate),
dhiibbaa aadaan namarratti taasisu jalaa miliquuf (to escape from impositions of culture),
aadaa kunuunsuufi beekamtii kennuuf akka tajaajilu hayyoonni yaadiddama kanatti
fayyadamaa turan kanneen akka „William Bascom‟ ni ibsu.
Daayeessi kun gama waanta aadaa (material culture) akkasumas, gooroowwan afoolaa
birroon hojiirra ooluu nidanda`a. Akka namni Bogatyrev jedhutti “The functional
method expands the subject matter of ethnography.” Warabbiin Kunis, malli faayidaa
afoolli saba tokkoo akka gadi fageenyaan haala saayinsaawaa ta`een ibsamuuf kan
tajaajiludha yaada jedhu ofkeessaa qaba.
Akka amantaa beektota dayeessa kana maddisiisaniiti, afoola kamuu kan garee
hawaasa garaa garaa keessa jiru hammamtaan isaa garaa garummaa qabaatus aadaa
garee hawaasa sanaa calaqqisiisa. Afoola garaa garaa keessatti akkaataan ittiin afoolli
sun hurruubamus ta`e seeneffamu aadaa hawaasa itti gargaaramu sanaa bu`uura
godhachuuni.
Garee hawaasaa gidduu garaagarummaan aadaa jiraatus hawaasni hunduu aadaa mataa
isaa qaba.Aadaa kana keessatti immoo waan irraa maquufi waan itti maqu qaba; waan
kallattiin itti gargaaramuufi itti hingargaaramne. Afoolli tokkos yommuu hojiirra oolu
dhugaa kanaa alaa ta`uu hindanda`u. Kanaafuu, qu`annoon afoolaa aadaa hawaasaan
kan walqabate ta`uu qaba yaada jedhu qaba.
18
Mata duree kana jalatti waraqaalee qorannoo kana faana walitti dhufeenya/firooma qaban
sakatta‟amaniiru. Kunis qabatamummaa qorannoo kanaaf hojiiwwan adda addaa yeroo
garaagaraatti namoota adda addaatiin kanaan dura hojjetaman sakatta‟uu irratti kan
xiyyeeffatu ta‟a.
Maammoo (2017) mata duree “Qaaccessa Qabiyeefi Unka Weedduu Arrabsoo Durbaa
Sirna Naqatanii Fuudhuu Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Haaruu” jedhurratti
xiyyeeffachuun hojjetee jira.Xiyyeffannoon qorannichaa weedduu arrabsoo durbaa irratti
xiyyeeffata. Haata‟u malee, sirba jaalalaa kan dubartoota qofaan sirbamurratti waan hin
xiyyeeffanneef mata dureekoo waliin garaagarummaa qaba.
Lammii (2019) Yunivarsiitii Addis Ababaatti mata duree, “Qaaccessa Raawwii Sirba
Goobee Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu” jedhu irratti hojjechuu
danda‟eera.Qorannoon kunis qorannoo kiyya faana walfakkeenyi isaa sirba irratti
xiyyeeffachuu isaati.Garaagarummaan isaa ammoo kan Lammii haala raawwii sirba
Goobee xiinxaluu irratti yoo xiyyeeffatu, kan koo immoo ergaa sirboota jaalalaa aadaa
dubartootaan sirbamanii xiinxaluu irratti kan xiyyeeffate ta‟uu isaati.
sirba jaalalaa irratti xiyyeeffachuu isaati. Haa ta‟u malee, qorannoon kun qorannoo
kootiin wanti adda isa taasisu, kan Oliyaad weedduu jaalalaa akka waliigalaatti
fudhachuun xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta‟u, kankoo ammoo sirba jaalalaa aadaa
dubartootaan sirbamu qofarratti fuulleffachuun kan xiinxalamu ta‟uusaati.
3. XIINMALA QORANNICHAA
Haala walii gala qorannoon irratti gaggeefamuu ibsuun waa‟ee uummata qorannoon
irratti adeemsifamuu hubachiisuuf nama gargaara. Yaada kanaan wal qabatee,
Dejene(2013:50) yommuu ibsu, “this section gives an over view of the study area to the
reader regarding its location with reference to physiographic and climatic conditions.”
jedha.Kanaafuu, qorataan kunis haala walii gala naannoo qorannichaa akka armaan
gadiitti kaa‟eera.
Aanaan Burqaa Dhiintuu aanota naannoo Oromiyaa godina Harargee Lixaatti argaman
keessaa ishee tokko yoo taatu magaalaan guddoo aanaa kanaa Tayifee jedhamuun
beekamti. Haalli moggaasa maqaa aanaa kanaa “Burqaa dhinte” kan jedhurraa kan dhufe
yoo ta‟u,hiikti isaas burqaa goge jechuudha. Akka manguddoonni qorataan gaafate
jedhanitti burqaan beekamaan aanaa kana keessatti argamu tokko waan gogee tureef
gaafa aanaan kun hundeeffamu(bara 2000) seenaa burqaa kanaan akka moggaasan ni
himama. Magaalaan Tayifee magaalaa guddoo biyyattii Finfinneerraa gara Bahaatti
kiilomeetira 462 fagaattee kan argamtu yoo taatu, magaalaa guddoo godinichaa Ciroorraa
immoo gara Kibbaatti kiilomeetira 136 fagaattee argamti.
Aanaa Burqaa Dhiintuu keessa gosa Oromoo Baareentuu keessa Irra Caalaa Anniyyaa fi
Arsiitu keessa jiraata. Kana malees, Kanneen akka Ituufi Gaadullaa fa‟a Arsiifi
Anniyyaatti aananii warra bal‟inaan aanicha keessa jiraatanidha (Madda: Waajjira
Aadaafi Turizimii Aanaa Burqaa Dhiintuu).
21
Aanaan Burqaa Dhiintuu iddoowwan hawwata tuurizimii hedduu qabdi. Isaan keessaa
kanneen bebbeekamoo akka armaan gadiitti gabateedhaan haa ilaallu:
1 H o l q a I f t u w a aA n n u u b a a6 9
2 H o l q a X i x o oG u u t a y y u u2 1
3 D h a g a a G o o t u uBo o k e e W aaq o o4 5
4 H o l q a S a a q q a t a aS a a q q a t a a 5 0
5 Di rree R o o y d a a B u / W a a b e e2 6
6 B i s h a a n M e d a r r o oM a t a a b i y y a a 6 9
7 M o o r a a D h a g a aT a y i f e e2
8 H a r o o H a r a l l a aM a t a a B i y y a a6 9
1 0B i y yo o l a f a K u t t u uHaroo Gurraattii1 8
1 1D h a g a a D h a a b a a Haroo Gurraattii1 8
Fakkii 1: Kaartaa Aanaa Burqaa Dhiintuu (Madda: Waajjira Aadaafi Turizimii Aanaa
Burqaa Dhiintuu)
3.3.Madda Ragaalee
Maddi ragaa qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame madda ragaa tokkoffaafi
lammaffaadha.Maddi ragaa 1ffaan qorannoo kanaa dubartoota sirba jaalalaa aadaa
sirbuudhaan beekkamaniidha.Maddi ragaa 2ffaan qorannichaa
harshammeewwan/dokumentiiwwan sirba jaalalaa waliin wal qabatee galmeeffamanii
jiraniifi kan dubartootaan sirbaman ta‟uun isaanii sirriitti beekamu barbaaduudhaan
odeeffannoo irraa guurrachuudha. Dokumentiiwwan kunis, galaalcha, barruuleewwan
eebbaa, viidiyoowwan waraabamanii taa‟an kitaabotaafi kkf‟niidha.As keessatti
dokumentiiwwan mata-duree qorattuudhaan walqabatanii waajjira Aadaafi Turizimii
aanichaan barreeffaman sakatta‟amanii jiru.
3.4.1.Iddattoo
Adeemsa qorannoo kana gaggeessuu keessatti hojiirra oole mala iddatteessuu carraan
alaati.Mala iddatteesuu carraan alaa keessaa ammoo mala iddatteessuu kaayyeeffataadha.
Qorannoo kanaaf raga guurrachuuf qorattuun meeshaalee funaansa ragaalee jiran keessaa
sakatta‟a dokumentii, afgaaffiifi marii garee fayyadamtee jirti.
3.5.1. Afgaaffii
Qorannoo kana keessatti qorattuun, marii garee namoota shan shan qabu lama
hundeessuun marii garee gaggeessitee jirti. Kaayyoon marii garee kanaas odeeffannoo
bal‟aa argachuudhaaf gargaara jedhameeti.Kunis iddattootni yeroo wal argan waan tokko
irraanfate inni tokko waan yaadatuuf bal‟inaan irratti mariyachuuf carraa bane jira. Marii
garee kana fayyadamuun kaayyoowwan gooree kan akka qabiyyee sirboota jaalalaa aadaa
aanaa Burqaa Dhiintuutti dubartootaan sirbamanii, yoomessa sirbootaa jaalalaa aadaa
dubartootaan sirbamaniifi kaayyoo maaliif akka sirbaman adda baafachuudhaaf gaaffilee
qophaa‟an dhiyeessun irratti mariiyatamee jira.
garee irraa argaman cimsuufi yaadotni malleen armaan olii kanaan argaman wantoota
ammaan dura qorataman yookiin barreeffaman waliin hariiroo isaan qaban adda
baafachuudhaaf kan gargaaru waan ta‟eefi. Haaluma kanaan, qorattuun barreeffamoota
sakatta‟aman irraa dubbisuun yaadannoo qabachuun viidiyoowwan irraa immoo
daawwachuudhaan yaadannoo qabachuun ragaa guurrattee jirti. Ragaaleen mala kanaan
argaman sakatta‟a barruuwwan walfakkii keessatti bal‟inaan kan kaa‟aman yoo ta‟an
kanneen viidiyoodhaan jiran immoo yaada isaanii yaadota afgaaffiifi marii gareen
argaman waliin walqabasiisuun ibsamanii jiru.
3.5.4. Daawwannaa
dandeessee jirti. Kunis ragaalee argaman hunda jechootaan bal‟istee ibsuudhaan hiika itti
kennaa deemuudhaan qaaccessitee jirti.
Boqonnaa kana keessatti ragaaleen maddeen garaa garaa irraa bifa afgaaffiifi
daawwannaan funaanaman akkaataa wal fakkeenya isaaniitiin mata dureewwan adda
addaatti qoqqoodamanii xiinxalamanii dhiyaataniiru. Kunis akkaataa gaaffilee bu‟uura
qorannichaa irratti hundaa‟uudhaankan xiinxalamaniidha. Haaluma kanaan, gaaffilee
bu‟uuraa qorannichaa deebisuu haala danda‟aniin haala asiin gadiin mata-dureewwan
gara garaatti qoodamuun dhiyaatanii jiru.
Afwalaloowwan haalli isaan itti dhiyaatan si‟a tokkotti ergaawwan gara garaa of keessatti
hammachuu danda‟u. Ergaawwan afwalaloo tokko keessatti karaa mul‟ataafi dhokataa
ta‟een darban hubachuudhaaf aadaa hawaasa sanaa beekuun baay‟ee barbaachisaadha.
Kanumaan walqabatee sirbi jaalalaa aadaas akaakuu afwalaloo keessaa isa tokko
yommuu ta‟u ergaawwan jaalalaa dabarsuu cinaatti qabiyyeewwan adda addaas of
keessaa qabu.Kanaafuu, qabiyyeewwan sirbootni jaalalaa aadaa qaban iddoo gara garaatti
qooduudhaan xiinxaluun yaalamee jira.
Jaalala keessatti yeroo hedduu jaalalleewwan akka barbaadanitti wal arguu dhiisuu ni
danda‟u. Kanaafis gufuuwwan adda addaa jiraachuu ni danda‟u. Gufuuwwan kunneenis
fageenya lafaafi dhorkaawwan maatiin irraa kaa‟aman ta‟uu danda‟u.Yeroo kana
jaalalleewwan yaadaafi yaaddoo isaanii sirbatti fayyadamuudhaan miira isaanii
ibsatu.Walaloowwan sirba jaalalaa qabiyyeen isaanii yaadaa kanaan walqabatan haala itti
aanu kanaan xiinxalameera.
Bishaaniin waraabaa
Laga qal‟aa tokkoo
Qal‟attee maan dhufnee
Amna guyyaa tokkoo.
Sararoonni jalqabaa lameen wanti ibsan, intalti tun yaanni jaalalaa itti cimuurraa kan ka‟e
bakka jaalallee ishee wajjiin itti walargachuu dandeessutti sababa uumtee akka deemuuf
jirtu irraa hubanna.Kunis bakkamaatiin isaan hin arginetti dhokatanii yaada jaalalaa wal
bahuuf jecha bakka kanatti wal argu.Jaalalleewwan yaaddoon jaalalaa itti hammaate
bakkeewwan isaan itti wal argan keessaa inni tokko laga durbi bishaan itti
waraabduttiidha.
Sararri lamaan gara dhumaa ammoo wanti ibsu,mucayyoon jaalalleen ishee kunlaga
bishaan waraabdutti dhokatee akka dhufuuf hawwii qabdu ibsachaa akka jirtuudha. Haalli
jiru rakkisaa ta‟ullee, jaalalleen ishee kun akkuma ta‟u ta‟ee akkuma bishaanitti hulaa
hunda keessa loohee guyyuma tokkoofillee akka dhufuufisa gaafachaa jirti. Qaawaitti
dhuftu barbaadii dafii naaf koottu jettee yaaddoo keessa akka jirtu ibsiti.Kanarraa kan
ka‟e, jaalalleen ishees sababa xiqqoo barbaadee dhufee akka isheedhaan walargu hawwii
qabaachuu ishee ibsachaa kan jirtu ta‟uu isheeti irraa hubanna.
Sararri lameen gara jalqabaa wanti argisiisu,mucayyoon tun jaalallee ishee wajjiin akka
wal hin argineefeegumsi maatii kan isheetti jabaatee jiru ta‟uu isaati. Maatiin ishee akka
isheen gadi hin baane uggura jabaa irra kaayanii jiru. Kanaanis yaaddoo jaalallee ishee
karaa ittiin baatu dhabdee rakkachaa jirti.Jaalalleewwan kun karaa hedduu walarguu kan
danda‟an ta‟ullee karaawwan sun hundinuu akka mijachuufi dide yookiin eegumsi akka
itti cimee jiru ergaa dabarsa. Gaaleen “hulaa sibiilaa” jedhu akka jarri lamaan walhin
argine eegumsi itti cimuu isaati agarsiisa.
Bo‟oowwan gara dhumaa ammoo wanti ibsu, mucayyoon tun sababa yaaddoo jaalallee
isheetiin guyyaa qofa osoo hin taane halkanillee hirriba dhabdee yaaddoo jaalala isaatiin
akka rakkachaa jirtuudha.Jaalala keessatti waldhabuun yookiin walirraa fagaachuunkun
wanta yaaddoo jaalalaa dhalchuudha. Kanaanis karaa ittiin isa argitu yoo rakkisaa ta‟es,
qalbiin ishee isuma bira akka jirtu irraa hubanna.Jaalala isaatiin hirribaas dhabdee
miidhamaa akka jirtu ibsachaa jirti.
Sararoota lamaan jalqabaa irratti wanti ibsame, dubartoonni mana ijaaruu akka hin
beeyneefi mana ijaaruun hojii dhiiraa akka ta‟eedha.Kanaafuu, mana ijaaruu hin
dandeenyu dallawa ijaaruu nuuf wayya jechuun ulfaatina mana ijaaruun qabu
argisiisa.Haa ta‟u malee, yaada kanatti dahatee ergaa biro dabarfachaa jiru.Ergaan asirraa
hubatamus, jaalalleewwan wanti walirraa isaan fageessu haalli tokko uumame yookiin
uumamuuf akka jiru yoo yaadan waa‟ee isaa yaadanii yaaddoo isaaniifi murtii ta‟ii
sanarratti fudhachuu qaban akka ibsachaa jirtu irraa hubanna.Yaaddoon kunis kan irraa
maddu, adeemsa keessa wanta uumamuu danda‟u akka hin beekne toorri 1ffaan ni
argisiisa. Yaada kanarraa wanti hubatamu, dhalli namaa wanta fuulduratti uumamauu
danda‟u akka beekuu hin dandeenyedha.Toorri 2ffaan ammoo wanta fuulduratti ta‟u
30
waan hin beekneef,wanta addaan isaan baasuu danda‟u akka hin uumamneef dursanii
akka irratti hojjechuu qaban kan akeekuudha.
Toorri lamaan gara dhumaa wanti ibsu, jaalalleewwan lamaan gargar bahuu kan hin
barbaanneefi walbira jiraachuuf hawwii kan qaban ta‟uu isaati argisiisa.Walaloo kanarraa
wanti hubannus, wanti jaalalleewwan kana lameen addaan isaan fageessuu danda‟uuf
akka saaxilamuuf jiran sodaachaa akka jiraniidha.Isa kanaaf immoo wal dhabuu akka hin
barbaanneefi walbira jiraachuu akka qaban ergaa isaanii kan dabarfachaa jiran ta‟uu
isaati. Kanarraa kan hubannu jaalalleewwan walbira jiraachuun hariiroo jaalalaa isaaniif
barbaachisaa waan ta‟eef waliin jiraachuun filannoo kan hin qabne ta‟uu isaati.
Bo‟oowwan duraa lamaan irraa kan hubannu, sangaan yoo qonna dide tarkaanfiin irratti
fudhatamu qabu gabaa geessanii gurguruudha. Diimaan maqaa qotiyyooti.Qunniin
immoo maqaa lafaati.Maqaa lafa Godina Harargee Lixaa Aanaa Gammachiisitti argamtu
taatee magaalaa guddoo aanichaati.Qunniin gabaa loon itti gurguramu ta‟uu
argisiisa.Namoonni loon fooniif ta‟u achii bitatu.Kanaafuu, Diimaan qonna yoo dide
magaalaa Qunnii geessanii qalmaaf gurguruun barbaachisaa ta‟uusaa walaloo sirba
jaalalaa kanarraa hubanna.
Bo‟oowwan lamaan gara dhumaa ammoo yaanni itti hammaatee garaan ishee obsuu
dadhabee wanta taatu dhabdee akka rakkachaa jirtu irraa hubanna.Sangaan qonna dide
fala yoo qabaatu, garaan obsuu dide ammoo fala akkasii sana dhabee akka rakkachaa jiru
argisiisa. Sababa kanaaf, wanta filannoo isheef ta‟u jettee yaadde kutannoo ishee
ibsiteera.Kanaanis cirracha liqimsuun ergaa lama of keessaa qaba.Inni tokkoffaan
cirracha liqimsuudhaan jabina horachuudha.Garaan ishee obsa dhabee waan ishee
laaffiseef cirracha liqimsuudhaan akka dhagaatti jabaachuudha.Ergaan inni lammaffaan
yaaddoo jaalala isaan miidhamaa jiraachurra of ajjeestee aara galfachuu akka barbaadde
31
Walaloon kanarraa wanti hubannu, aabboon haajaa waan qabuuf sangaa burree jedhamu
kanqalee jiru ta‟uusaati.Sangaan kunis mataa loowwan sanaati ture.Garuu, sababa
haajaan/dhimmi murteessaan isa qabdeef filannoo dhabee akka sangicha qale irraa
hubanna.Ergaa bo‟oo dhumaa lamaanii inni baayyee barbaachisaa ta‟e immoo akkuma
aabboon dhimma barbaachisaaf korma qaluuf murteessee qale san, jaalalleen ishees
dhimma barbaachisaaf akka dhufee gammachuudhaan ishee boochisaa oolu
affeerti.Kunis namni tokko korma kan qaluuf murteessu dhimma baayyee
murteessaadhaaf waan ta‟eef, anis siif of kenneen jiraa koottu na gammachiisi yaada
jedhu ibsa. Akkasumas sangaan kan qalamu jila baay‟ee barbaachisaaf yookaan
keessummaa baay‟ee kabajaniifi dhimmoota jajjaboof waan qalamuuf, atis dhuftee akka
gammachuu kana nu wajjiin hirmaattuun si afeeraa yaada jedhus irraa hubanna.Boo‟uun
gadda qofaaf miti. Boo‟ichi gammachuus ni jira. Walaloo kana keessattis boo‟ichi
jedhame kan gaddaa osoo hin taane jaalallee ofii baayyee yaadan argachuudhaan kan
gammadanii boo‟anidha.
Toorri lamaan gara jalqabaa wanti ibsu,lilmoonuu baay‟ee qal‟oo taatee osoojirtuu jabina
isheef kan faayidaa guddaa kennitu ta‟uu isheeti argisiisa.Qal‟attuus salphaatti cabuu kan
hin dandeenyeefi tajaajila isheetiinis baay‟ee murteessituu ta‟uu isheeti irraa hubanna.
Toorri lamaan gara dhumaa ammoo wanti ibsu, fageenya fedhe yoo walirraa jiraatanis
jaalalaaf danqaa ta‟uu akka hin dandeenyeedha.Kunis jireenya jaalalaa keessatti wanti
32
akka adda bahuu yookiin walirraa fagaachuu nama yaaddessu hin jiru. Osoo
waljaallatanii sababoota gara garaan walirraa fagaachuun yeroo dirqama ta‟u jiraachuu ni
danda‟a. Yeroon akkasii yaaddoo guddaa of keessaa qaba.Kanneen walirraa fagaatanii
jiraatan ammo wal yaaduun rakkoo hamaa keessa jiraatu.
Walaloo kanarraa wanti hubannu, fageenyi jaalala addaan kutuu akka hin dandeenyeefi
sababa fageenyaaf hiriyyaa ofii dhabuun akka hin taaneedha.Namni jaallate fageenya,
bokkaa, bona, aduufi dukkanni bakka hiriyaan isaa/ ishee jiru/ jirtu gahuurraa hin
hanqisu.Walaloo kanarraa wanti hubannu, intalli tun sirba kanaan ergaan isheen
dabarfatte jaalalleen ishee halaala kan jiru akka ta‟eefi osoo wal hinargiin kan tutturan
ta‟uu isaati. Kanaafuu, jaalalleen ishee fageenyaafan sirraa ture akka hin jenneef jecha
“Fageenyaan dhabani bakka hiriyaan jirtuu”jechuun fageenya sababeeffachuu dhiisee
dhufee yaada jaalalaa akka ishee obbaafachiisuuf dhaammachaa jiraachuusheeti irraa
hubanna.
Arraagessi bararee
Bararee tulluu duuba dabaree
Hoggayyuu si arguun fedha boonaa kiyyaa
Of biraa si dhabuun na mararee
Bo‟oon duraa lamaan wanti ibsu, fageenyi maal akka fakkaatu harraagessa bararee tulluu
duuba qaaretti fakkeessuun ibsaa jiraachuu isaati.Toorri lamaan gara dhumaa ammoo,
nama jaallatan hoggayyuu ijaan arguun akka barbaadan argisiisa. Nama jaallatan irraa
fagaatanii jiraachuun wanta nama yaaddessu ta‟uu isaati mul‟isa. Kanaanis addaan
fagaachuun jaalalloowwan lamaaniif hammeenya guddaa ta‟uu ibsuu danda‟eera.Addaan
fageenya kanas tulluudhaan bakka buusee yoo ibsu, wanti tulluu duuba jiru ammoo hin
mul‟atu.Sagaleen isaas hin dhagahamu.Kanaafuu, jaalallee isheen gargar bahuu wanta hin
barbaanneef akka inni ishee bira fagaatu kan hin barbaanne ta‟uu isaati irraa hubanna.
Toorra afuran gara jalqabaa irratti wanti ibsame, jaalalleewwan kunneen wanta hedduu
kan wajjiin dabarsan qabaachuu isaaniiti. Haa ta‟u garuu, yeraa ammaa addaan fagaatanii
akka jiraniidha.Kanarraa kanka‟e, intalti tun yaaddoon jaalallee ishee itti cimee isa arguuf
akka rakkachaa jirtu irraa hubanna.Toorri afuran gara dhumaa ammoo wanti ibsan,
ejjennoo intalti sun qabduudha.Kunis mucayyoon kutannoo waa‟ee jaalallee isheetii
qabdu kan itti agarsiiftedha. Asirraa wanti hubachuu dandeenyu mucayyoon jaalalleeshee
qaamaan hin argattu yoo ta‟es, yaanni isaa akka ishee hin dhiifne ibsachuun jaalala isaaf
qabduuf immoo hanga du‟aattillee of wareeguuf qophii ta‟uu ishee ibsiteefii jirti.
Walaloo sirbaa kana keessatti gaaleen, “maqoo waliin baanaa” jedhu akka aadaa
Harargeetti dargaggoonni durii hariiroon isaan jaalala keessatti qaban gaa‟ela dura
daanga‟aadha. Kunis waliin shubbisuufi shaggooyyee waliin bu‟uurra kan darbe miti.
Gochaan duudhaafi safuu Oromoo cabsu kanneen akka gaa;ela dura saalqunnamtii waliin
raawwachuun tasumaa kan yaadamu miti. Namni gochaa akkasii godhee argame adabbii
34
guddaatu isa eeggata. Kanarraa kan ka‟e dargaggoonni of eeggannoo taasisu. Maqoo
waliin bahuun isa naannoo tokko tokkotti qabdoo taa‟aniin walfakkaata.Garuu gochaan
isaa garaagarummaa qabaachuu danda‟a.
Sirbi kun bo‟oo duraa lamaanirratti ergaan inni dabarsu, osoo akka jaalalaa ta‟e silaa
waliyyuu obsuu akka hin dandeenyedha. Bo‟oowwan duraa lamaan keessatti jecha
“sabrii” jedhu looga Harargee yoo ta‟u, hiikkaan isaas „obsa‟ jechuudha. Kanaafuu, osoo
akka isaaniitii wal obsuun akka hin taane kan argisiisuudha. Bo‟oon 3ffaafi 4ffaan
immoo waadaa waliif seenuu isaanii agarsiisa.Kunis walaloon sun jechoota inni
fayyadamerraa waadaa waliif seenuu isaanii agarsiisa.
Jaalalleewwan yeroo lafa walirraa fagoo walirraa deemuuf jedhan yaaddoo isaanii
ibsachaa dhaamsa waliif dhaamuu. Dhaamsi isaanii kun akka waadaa waliif galuu ta‟ee
garuu sodaas kan of keessaa qabu ta‟uu irraa hubanna. Garuu, waaqni nagaya nutti haa
ta‟uu, nageenyi jiraannaan ijji jirtu wal arguu hin haftuu, deebinee wal argina dhaamsa
jedhu dabarfachaa jiraachuu isheeti irraa hubanna. Walumaagalatti, intalti tun jaalallee
ishee lafa fagootti deemu geggeessuuf dhaamsa itti dhaammachaa kan jirtu ta‟uu isheeti.
4.2.2. Jajannaa
Jajachuun nama jaallatan sana faarsuu yookiin waa‟ee nama sanaa olkaasanii
haasa‟uudha. Jajachuun namni hanga nama jaallatan sanaa gahu akka hin jirre raga
bahuudha. Sirba jaalala aadaa kan dubartootaan sirbamu keessatti qabiyyeen guddaan
tokko jajannaadha. Intalli tokko gurbaa baay‟ee jaallattu ni jajji. Waa‟eesaa hundumaa
caalchiftee ni faarsiti. Waa‟eesaa mararsitee waamti; mararamtee sirbitiif.Isa kanati
jajannaa jedhama. Mee akka fakkeenyaatti walaloo sirbaa asiin gadii kana xiinxaluun haa
ilaallu:
35
Walaloo sirba aadaa dubartootaan sirbamu asiin olii kana keessaa bo‟oowwan lameen
duraa etgaan bu‟uuraa kan irratti argamu miti. Ta‟ullee, walalicha keessatti maqaan
“Wakkallee” jedhu maqaa bineensa mormaa ol jawwee fakkaattu garuu miila afur
qabduuti. Ergaan sirba kanaa garuu kan inni argamu bo‟oo dhumaa lamaan irrattidha.
Akka sirba kanaatti mucayyoon sirba kanaan ergaa ishee dabarfachuu barbaadde namni
jaalalleeshee fakkaatu hedduun jiraachuu danda‟a. Garuu isaan keessaa namni tokkollee
kan jaalallee ishee gahu kan hin jirre ta‟uusaa kaasuun jaalalleeshee jajatti jechuudha.
Namni tokko nama jaallatu sanaan olitti nama bareedaa, nama jabaa, nama qajeelaafi
nama gaarii tokkollee hin argu. Nama sanaaf namni waan hundumaan tokkoffaa ta‟e
jaalallee isaa/isheeti.Kanarraahis wanti hubannu, nama jaallataniin kan walgitu yookaan
isa kan caalu akka hin jirreedha.
Toorri walaloo sadeen gama jalqabaa wanti ibsu, namni jaallattu kun isheef wanta hunda
ta‟uu isaati. Kanarraa kan ka‟e, nama jaallattu kana akka namni gara biroo ishee jalaa hin
fudhanne, halkaniifi guyyaa akka isa tiksaa jirtu irraa hubanna.Yeroo isa bira jiru tokko
nama jaallatu bakka argutti ijaan tikfata. Bakka bira hin jirretti immoo yaadaan waa‟ee
nama sanaa buusee baasa.
Toorri sadeen gara dhumaa jiru ammoo wanti argisiisu, nama kana jaallachuu irraa
kanka‟e akka inni ija ishee duraa fagaachuu hin qabneedha.Nama biraaf namichi
bareedaa jedhamee jajame bareedaa ta‟uu dhiisuu mala.Isheef garuu bareedaadha.Kanaaf
36
Walaloo asiin olii kanarratti bo‟oon lamaan duraa kan nutti agarsiisu, Abbaa Magaal kan
jedhamu dureessa naannoo tokko jiru akka ta‟eefi gabbaraan yookiin kennaa intala
fuudhuuf kennuun gatii gabbaraa akka ol kaasee gabaa qaalesse nutti hima. Kunis
„Xayyuurii‟ kuma tokko baasuudhaan Harargee guutuu jaalallee isaa daawwachiisuun
nama gurra guddaa horate akka ta‟e nutti hima.
Toorri walaloo lamaan gara dhumaa wanti ibsan, namni kundhimma xayyuurii sanaa kan
hin qabne ta‟uu isheefi namni isheen jaallattee jirtu sun ofii isaatuu xayyuurii akka ishee
caaluufi isuma ilaaltee bohaaruu /gammaduu ishee nutti agarsiisa. Kunis jaalalli
qabeenyaan kan ibsamu akka hin taanekan argisiisudha. Jaalalli jiraannaan qabeenyi
keenya jaalaluma sanadha. Wanti biraa jaalala sanaan kan guuttamudha. Yaada
kanarraahis wanti hubatamu,jaalalli dhugaa qarshiidhaan yookiin horiidhaan kan
geeddaramu ta‟uu kan hinqabneedha. Namni jaalala dhugaa nama jaallatu waa‟ee
qabeenya nama jaallatu sanaaf hin dhiphatu. Yaanni isaa jaalala sana qofa. Kanaafuu,
jaalalli dursuu kan qabu ta‟uu isaa walaloo kanarraa hubanna.
Walaloo kanarraa wanti hubatamu, namni nama jaallatu wanta hunda isaa kan jaallatu
ta‟uu isaati. Kanaanis jaalalleen isheekun gorora isaa akka harka isheerratti isheef cobsu
37
gaafatti. Kanaanis gorora isaa daymaan bakka buuftee gurra guddisuun ibsaa kan jirtu
ta‟uu isaati irraa hubanna. Kunis gorora isaa jaallachuurra darbee akka dammaatti kan
mi‟aawu ta‟uusaa kaasuun harkarratti yoo cobseef illee akka nadhii dammaatti
muuxachuu akka hawwitu ibsaa kan jirtuudha. Kanarraa kan hubannu, nama jaallatan
sana hangam akka jajachaa jiran agarsiisa. Gororri isaa kan nama biroorraa adda akka
ta‟eefi damma waliin dhandhama walfakkaatu akka qabu kaasuun jaalalleeshee jajachuu
isheeti argina.
Adaree biyyoodhaa
Biyyoon muggudiidhaa,
Obboleessa durbaa
Mudhiin shugguxiidhaa.
Walaloon armaan olii immoo kan nutti mul‟isu jaalaleen ishee obbolaan durbaa baay‟ee
qaabachuu isaatiin ishee biratti jaallatamaadha. Sababni isaas, dhiirri obboleewwan
durbaa qabu durbaaf jaalalaafi kabaja qaba.Kanarraa ka‟uudhaan gara fuula duraattillee
bultii ijaarratanii yoo waliin jiraatan kabaja akka isheef qabattee obboleessa durbaa jettee
jajatti.Ittuma fufuudhaan gara dhumaatti immoo “Mudhiin Shugguxiidhaa” jettee jajatti.
Kunimmoo kan nutti agarsiisu, jaalalleen ishee kun hidhannaa waan qabuuf abbaa fedhe
hin sodaatu. Gootadha jechuudha.Shugguxiin hidhannoo dhiiraati.Shugguxiin hidhannoo
gootaati.Kana jechuun jaalalleen ishee goota waan ta‟eef ittiin boonuushee
agarsiisuudhaaf “Obboleessa durbaa mudhiin shugguxiidhaa”jettee jajatti.
Awwaala huummoodhaa
Gadifageessanii,
Situ sanyii mootii
Tani jabeessanii.
Sirbi armaan olii bo‟oo jalqaba lamaanirratti yommuu irra keessa isaa ilaalan kan ergaa
hin qabne fakkaata. Sookoo isaa yoo ilaalan garuu ergaa bal‟aaqabaachuu danda‟a.Kunis
amala huummoo irraa kaasnee yoo ilaalle, huummoon yeroo hundumaa aadaa/ gungumaa
deema.Namoonni tokko tokko yeroo namni isaan biratti aadu/gungumu “Akka huummoo
natti hin aadiin” jedhanii wal adabatu.Gara ergaa jaalalaatti yeroo finnu ammoo yeroo
38
baay‟ee namoota jaalala dhugaan waljaallatan ilaaluun hinaaffaadhaan kanneen aadan hin
dhabaman.Jaalalleewwan masaanuu akkasii qaban, ilaalchaafi yaada masaanuu isaanii
kanneen yeroo hundumaa isaan ilaaluun itti aadan awwaaluun/ dhiisuun yookiin
tuffachuudhaan bira darbuun barbaachisaa ta‟uu isaa nutti agarsiisa.
Bo‟oo sirba asiin olii kan dhumaa lamaanimmoo yommuu ilaallu jajannaadha. Gaaleen
“Sanyii mootii” jedhu kabajaafi bakka isheen jaalallee isheef qabdu agarsiisa. Mootiin
hawaasa biratti kabaja guddaa kan qabuudha. Mootii akkuma argan itti hin
dhiyaatani.Namumti fedhe waan barbaadeef qofa mootiitti dhiyaachuu, waliin haasahuufi
waliin nyaachuu hin danda‟u. Garuu namni kamuu immoo osoo mootii waliin guyyaa
tokkollee waliin haasa‟e ni hawwa. Kanaafuu jaalalleen ishee nama laayyoo akka hin
taane jajachaa jirti. Sirba kana keessatti mucayyoon jaalallee ishee qofa hin
faarsine.Sanyii isaallee mootiitti fakkeessuun faarsitee jirti.Jaalalleen ishee onneeshee
waan moo‟eef mootiidha.Sanyiin isaammoo sanyii mootiiti. Kanaafuu, jabeeffachuun kan
barbaachisu kan akka isaa kana akka ta‟e kaasuun isa jajachaa jiraachuu ishee sirba
kanarraa ni hubannaa.
Durbi dargaggeessa dhibaa‟aa kan hojjetee hin horanne kan qotee dilbii hin galchine
yookiin immoo kan daldalee hin buufanne hin jajattu. Isa horatee qabeenya qabu garuu ni
jajatti. Sirbi asiin gadii kanuma namatti agarsiisa:
Walaloon sirba jaalalaa aadaa durbi sirbitu kan armaan olii kun bo‟oowwan jalqaba
lamaan irratti kan nutti agarsiisu mucayyoon cimina jaalallee ishee cimina risaa waliin
walbira qabdee jajachaa kan jirtu ta‟uu isheeti. Risaan gosa allaattii baay‟ee jabaa
ta‟edha. Risaan fagootti arguu kan danda‟uufi simbirroo saffisa guddaa qabdullee yeroo
gabaabduu keessatti butee nyaachuu kan danda‟u mootii allaattiiwwaniiti. Akkuma kana
jaalalleen ishees cimina isaatiin mootii dhiirotaa ta‟uusaa alkallattiidhaan kaasuun jajattee
jirti jechuudha.
39
Sirbi armaan olii kun kan nu hubachiisu mucayyoon jaalalleen ishee tokkicha hanga
kumaa ta‟uu isaati. Akka ilaalcha Oromootti yeroo baay‟ee lakkoofsa olaanaa kumaan
ibsani.Kumni lakkoofsa kuma (1000) yookiin kuma tokko jechuu miti.Wanta baay‟ee
guddaa ykn hedduu jechuun hubatama. Akkuma urjiin samii keessaa baay‟inni isaa
hedduu ta‟e jaalalleen ishee tokkichi akka nama hedduu bakka isheef bu‟uu danda‟utti
jajachaa jirti. Kana jechuun cimina jaalallee ishee ibsuudhaaf kan fayyadamtedha.
Galmi jaalalaa bultii waliin ijaarrachuudha.Jaalalli bultiidhaaf hin gahu taanaan afaaniin
qofa waljaallachuun bu‟aa hin qabu. Walaloon sirbaa armaan gadii kana nutti agarsiisa:
Burtukaanii jettee
Nan faarsiisnii
Boonaa kiyya
Garaa nan raasiinii
Yaa gurbaa calanqoo
Sanyii namaa
Na fudhadhuu galii
Sittan haajamaa
jettee jaalalli isaanii yaaddoo irraa gara bultiitti jijjiiramuu akka qabu fedhiifi yaada
qabdu sirbaan dhaammatti. Sirba kana keessatti jaalalleen ishee maqaalee masoo
Burtukaana jedhee kan ishee waamu yommuu ta‟u, maqaa kanaan ishee waamuusheef
mucayyoon gammachuu qabdi. Haata‟u malee, yeroo hundumaa maqaa jaalalaan ishee
waamee ishee jajachuun isaa qofti gahaa waan hin taaneef yaadaafi dedhiin ishee maal
akka ta‟e immoo gara dhumaatti ibsiteefii jirti.yaanni ishee isa kana:
Sittan haajamaa
kan jedhudha.Jaalalleen ishee Nama Calanqootti dhalate akka ta‟eefi ishee fudhatee
haajaashee baasuu akka qabu dhaammatti.Sirba kana keessatti gaaleen, “Snyii namaa”
jedhu jajannaa agarsiisa.Sanyii namaa jechuun namummaa agarsiisa. Namummaan
immoo waliif yaaduu, namaaf quuqamuu, nama kabajuufi jaallachuu, akkasumas, akka
namaatti yaaduu agarsiisa. Kanaafuu, jaalalleen ishee nama itti boonan ulaagaa
namummaa kan guute ta‟uu isaatiif osoo jajattuu nama akka siitti heerumuu akka qabdus
ciroo, “na fudhadhuu gali” jedhuun ibsatte. Walumaagalatti, sirba kanarraa kan hubannu
jaalalli maqaa babbareedaa walitti baasanii wal waamuufi callisanii halaalatti wal
jaallachuu qofa osoo hin taane hanga bultiitti deemuu kan qabu ta‟uusaati.
Aadam Abdusabuur
Daanyaa konfoleeysaa,
Shumbur sanyii kiyyaa
Ashiitaa badheeysaa,
Nyaadhee sin liqimsuu
Eessumaan si geeysaa
Ilillii birraadhaa
Kam mureen kam dhiisaa
Bareeda boontichaa
41
Ogafaan hawaasa keessatti gahee guddaa taphata.Gaheen afoolli hawaasa keessatti qabus
bashannansiisuu, barsiisuu, qeequu, jajjabeessuufi kanneen kana fakkaatan fa‟a. Sirbi
jaalalaas akaakuu afwalaloo keessaa isa tokko yommuu ta‟u, hawaasa keessatti
ergaawwan adda addaa dabarsuudhaan gahee mataa isaa ni qaba. Mata duree kana jalatti
gaheewwan Sirbi jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu hawaasa keessatti qabu mata-duree
adda addaatti qooduudhaan xiinxaluun haala armaan gadiin kaa‟amee jira.
Sirbi jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu hawaasa keessatti wantoota gaarii ta‟aniifi
fudhatama qaban ni jajjabeessa. Ergaa jaalalaa dabarsuun cinaatti wantoota aadaa,
duudhaafi seenaa hawaasichaa kuniinsaniifi tiksan ni jajjabeessa. Isa kanaaf akka
fakkeenyaatti walaloo sirbaa asiin gadii kaasuudhaan xiinxaluun ilaaluun ni danda‟ama:
Walaloon sirbaa armaan olii yommuu ilaallu bo‟oo lamaan duraa keessaa bo‟oon
tokkoffaafi lammaffaan ergaa ijoo kan of keessatti qabate miti. Haata‟u malee, bo‟oo
sadaffaafi afraffaarra ergaan ijoo sirba kanaa ni argama. Kunis gurbaan intalti jaalalaan
irraa qabamte isa aadaa isaa beeku ta‟uu isaati argisiisa. Innis aadaa ofii beekuun ulaagaa
namummaa keessaa isa tokko ta‟uufi kan jajjabeeffamu ta‟uu isaati irraa hubanna.
Bo‟oowwan hafan kanneen biroon immoo gurbaan aadaa beekuusaaf ulaagaan haala inni
itti goofaree filatuufi akkaataa inni itti marxoo isaa hidhatudha. Sirbi kun sirba aadaa
ta‟uu isaarraa kan ka‟e yeroon inni itti sirbame yeroo dheeraa dura ta‟uu danda‟a. Osoo
akka ammaa ammayyummaan hin babal‟atiin dura osoo akka ammaa akkaataan rifeensa
itti sirreeffatan aadaa warra adiirraa hin dhaaliin dura Oromoon Harargee goofaree
filachuun miidhaga.Goofareen mallattoo dhiirummaafi miidhaginaati.Akkasumas aadaa
Oromoo waan ta‟eef mallattoo Oromummaati.Akkasumas, ummatni harargee duraan
akka ammaa kofoo osoo hin taane marxoo hidhata. Isumayyuu nama beekutu akkaataa
gaariidhaan hidhata. Marxoonis nama hundarraa walqixa hin bareedu. Nama sirriitti irraa
bareedu qaba. Walaloon sirbaa kun dargaggeessi tokko aadaa isaatiin kan boonu yoo ta‟e
jajjabeeffamuu akka qabu nu hubachiisa.
Qalamshiishan hodhaa
Xiqqaa marsaa shanii,
Ituu ijaaruu beekaa
Gosti keenya isaanii
Ati wadaaja beekta
Aadaan keenya sanii
Walaloo sirbaa asiin olii irraa akkuma hubachuun danda‟amutti bo‟oo jalqabaarratti jechi
“Qalamshaashii” jedhu maqaa meeshaati. Meeshaan kun akka aadaatti migirarraa kan
hodhamu yoo ta‟u akka gundootti hodhamti. Garuu baa‟ee xiqqoofi akka gundoos diriiraa
osoo hin taane golboo taatee miila irra dhaabbattu kan irratti hodhame qabdi. Askeessatti
sirbi kun kan inni jajjabeessuu barbaade aadaa hodhaa hodhuu sani. Akka aadaa Harargee
duraaniitti dubartiin tokko osoo hin heerumiin dura meeshaalee gaafa heerumte itti
fayyadamtu kanneen akka gundoo (safeetii), Qalamshaafi kanneen kana fakkaatan
hodhattee qabaachuu qabdi. Gochaan akkasii ni jajjabeeffama.
43
Bo‟oon dhumaa lamaan immoo waa‟ee wadaajaati kaasa.Akka bo‟oo walaloo kanaatti
wadaaja beekuun waan gaarii ta‟uu isaati. Wadaajni gosa keessatti nama kabajamaafi
nama ayyaantuu taasifamee fudhatama. Wadaajni gosa keessa deemee ni eebbisa. Ni
gorsas. Namni wadaaja kabajuufi mana isaatti simatu nama gosaafis kabajaa guddaa qabu
taasifamee ilaalama. Kanarraa ka‟uun “ Ati wadaaja beekta aadaan keenya sanii” jechuun
sirbani. Wadaaja beekuu jechuun immoo kabajaa kennuufii dabalata.Kunimmoo
barbaachiummaa waan qabuuf jecha sirba kana keessatti jajjabeessuudhaaf waa‟een isaa
ka‟ee jira.
Gahee ogafaanii keessaa inni tokko gorsuudha. Gorsuu yommuu jennu immoo wanti
tokko karaa irraa akka hin kaanneef, aadaafi duudhaan saba tokkoo akka hin banneef
ogafaan ni gorsa. Kanumaan walqabatee mata-duree kana jalatti walaloowwan sirba
aadaa dubartootni sirban keessaa kan ergaa gorsaa of keessaa qaban fakkeenya
kaasuudhaan xiinxaluun kaa‟uun yaalamee jira.
Bishaaniin waraabaa
Aduun waa hin jiranii,
Jaalatan tokkumaa
Qalbii waa hin hiranii.
Walaloon sirba aadaa asiin olii kun kan inni dhaamaa jiru jaalalli tokko qofa ta‟uu akka
qabudha. Yeroo baay‟ee dargaggoonni tokko tokko si‟a tokkotti shamarran lama yookiin
sadii waliin hariiroo jaalalaa uumu. Inni akkasii kun jaalala hin jedhamu. Namoonni
44
tokko tokko immoo nama tokko waliin hariiroo jaalalaa erga eegalaniin booda is asana
kunuunfachuu dadhabuurraan kan ka‟e addaan kutanii ammas nama biroo waliin eegalu.
Isaan akkasii kanaaf walaloon sirba aadaa kun ergaa kana bifa gorsaan dabarsuufii
barbaade. Kanaafuu, “Jaallatan tokkuma qalbii waa hin hiranii” kan jedhu namoota
qalbiin isaanii bakka tokko dhaabbachuu dadhabeefi. Sirba kanarraa dargaggoonni gorsa
jaalalli yeroo tokko kan nama qabu ta‟uu isaa hubatanii erga jaallatanii garaa hiruun
yookiin qalbii bakka adda addaatti rarraasuun barbaachisaa miti jedhu fudhachuu
danda‟u.
Walaloon sirbaa asiin olii kun jaalalli daandii guddinaa kan namaaf saaqu waan ta‟eef
jaalalleewwan hariiroo jaalalaa gaarii qabaannaan waliin guddachuu waan danda‟aniif
jaalala dhugaa waliif qabaachuu akka qaban gorsa. Dargaggoonni baay‟een bultii
ijaarrachuuf ulaagaa isaan kaa‟an keessaa tokkodursanii qabeenya horachuudha. Sirbi
kun garuu warri waljaallate waliin guddachuu akka danda‟u gorsa. Isa kanaaf akka
ragaatti walaloo asiin olii keessaa bo‟oowwan afran duraa yoo ilaalle:
Jechuun yoo jaalalli jiraate walguddisuun akka danda‟amu gorsa. Walaicha keessatti
bo‟oo jalqabaa irratti, “Annuubaa” kan jedhu maqaa lafaati. Naannoon sun gosa
midhaanii keessaa mishingaa sirriitti waan oomishaniis mishingaa waliin walqabsiisuun
45
waa‟ee isaanii kaasuuf yaaleera. Itti aansee bo‟oowwa walaloo jiran garuu jaalalli
jiraannaan, ilaafi ilaameedhaan waliin hojjennaan, gaa‟ela keessatti waliin guddatanii,
maatii horatanii guddatanii jiraachuun kan danda‟amu ta‟uusaa sirbi kun bifa gorsaan
dhaamsa dabarsa.
Namni tokko qofaa isaa eessayyuu gahuu hin danda‟u.hariiroon jaalalaatuu kan inni
barbaachiseef namni tokko qofaasaa guutuu waan hin taaneefi. Qofaa hojjechuurra lama
ta‟anii hojjechuun gaariidha. Isa kana ilaalchisuudhaan sirba jaalalaa aadaa dubartootni
sirban keessatti ergaa jaalalaa cinaattis namni tokko hojjetee guddachuu yookiin immoo
nyaatee quufuu kan danda‟u hariiroo hiriyaa qabaatee sirriitti yoo wal jaallate akka ta‟e
gorsa dabarsa:
Walaloo sirbaa kana keessatti, “Kurfaa Roqaa” maqaa lafaati.Guuza jechuun immoo isa
iddoo tokko tokkotti daboo/jigii jedhamudha. Guuzni aadaa Oromoo Harargee keessatti
namni tokko yoo hojiin humna isaa ol itti baay‟ate namoonni fedhii isaatiin isaaf bahanii
akka isa gargaaran yoo kadhate namoonni bahanii nama sana hojii gargaaru. Ergaan
walaloo kanaa dhuma walalichaarra kan jiru yoo ta‟u, gorsi inni dabarsuu barbaade,
hariiroo jaalalaa uummatanii erga bultii ijaarratanii booda hiyyummaa keessaa bahanii
beela obbaafachuun kan danda‟amu jaalala yoo waliif qabaatan qofadha. Jaalalli hin jiru
taanaan walii galteen hin jiru.walii galteen hin jiru taanaan immoo milkaa‟inni hinjiru.
Kanaafuu, sirbi kun jaalalli maatiidhaaf madda guddinaa waan ta‟eef namoonni jaalala
sirrii waliif qabaachuu akka danda‟an gorsa.
Dubartootni yeroo adda addaa bakka adda addaatti sirba jaalalaa sirbu.Kunis bakka
qoraan cabsanitti, bakka midhaan aramanitti, yeroo hodhaa hodhaniifi kanneen kana
fakkaatan keessatti sirba jaalalaa sirbuu danda‟u. Mata-duree kana jalatti sirbootaa
46
jaalalaa aadaa kan dubartootni yoomessoota adda addaa keessatti sirban fakkeenya
fudhachuudhaan mata duree adda addaatti qooduun xiinxaluun yaalameera.
Dubartootni Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhiintuu yommuu huccuu hodhan yaada
jaalalaa keessoo isaanii jiru baasanii ibsachaa huccuu sana hodhu. Kanas huccuu harka
isaanii jirtu fo‟aa akkas jechaa sirbu:
Sirbi jaalalaa kun sirba dubartootni yeroo huccuu fo‟an sirbanidha. Akka aadaatti
dubartoonni gaabiifi balee mataarra kaawwatan fo‟aa qalama adda addaa qabuun fiixee
isaa kuullatanii uffatu. Ogummaan kun ulaagaa ciminni dubartii tokkoo ittiin madaalamu
keessaa isa tokkodha. Sirbi kunis sirba yeroo huccuu fo‟an kan sirban ta‟uu isaa kan
beekuun danda‟amu jechoota achi keessatti ka‟anirraati. Walaloo kana keessatti
gaaleewwan “huccuu fiinxa kuulaa” fi “kiriri mukni qabe” jedhan sirbi kun kan dubartiin
yeroo qofaashee teessee huccuu footu waa‟ee jaalallee ishee yaadaa ofumaa sirbitu ta‟uu
isaa nu hubachiisa.
Dubartiin tokko nama jaallattuuf kennaa adda addaa kenniti. Kennaan kunis huccuu
yookiin faaya biroo ta‟uu ni danda‟a. Kennaa nama jaallattu kanaf kennitus sirbaan yeroo
ibsitu,
Bo‟oon duraa lamaan, namni galaana to‟uu (daakuu) danda‟u qurxummii nyaachuu akka
danda‟u yookiin immoo qurxummuu nyaachuuf ngalaana daakuu danda‟uun akka
barbaachisu agarsiisa. Bo‟oon inni dhumaa lamaan immoo, gaabiin uffata aadaa Oromoo
47
nama kabajamaaf kennamu yoo ta‟u, dubartootnis nama jaallatan sana hangam akka
kabajan agarsiisuudhaaf sirba kana sirbu. Kuula isaa fo‟uun immoo miidhagina gaabii
sanaa akkuma bareechu, nama jaallatan sanaaf immoo marartee hangamii akka qabaniif
kan agarsiisudha.
Jiini Birraa ji‟a jaalalleewwan ganna guutuu sababa hojiidhaaf jecha walirraa fagaatanii
turan yeroo itti walarganiidha.Kanaafuu, jaalalleewwan yeroo birraan gahu sirbaan wal
faarsu.Yaada isaanii, hawwiifi yaaddoo isaanii akkasumas fedhii walarguuf qaban ibsatu.
Sirbi armaan gadiis kanuma namatti agarsiisa:
Raammis laga guddaa Harargee keessatti argamu yommuu ta‟u ganna yoo bokkaan
sirriitti jiraate ni guuta. Yeroo gannaa namoonni gamaa gamanatti akka barbaadan cehanii
akka wal hin argine taasisan keessaa tokko lagni guutuun riqicha fa‟a cabsee nama
rakkisuu isaati. Kana mul‟isuuf jecha sirba kana keessatti Raammis jiraachuu ibsitee
Ililliin addaachuun ishee immoo amma birraan barii‟uu isaa akeekuufi. Birraan yommuu
barii‟u immoo lagni waan hir‟atuuf yeroo itti walarguun ta‟u akka ta‟e ibsuudhaaf sirbi
kun sirbame.
Erga birraan barii‟een jaalalleewwan wal yaadanii turan kan lagni guutuudhaan yookiin
immoo hojiin ganna keessa baay‟achuudhaan adda fagaatanii turan wal arguuf ni jarjaru.
Birraa barii jaalalleenshee yoo dafee dhufuu baate sirba “Ani siyaadeen jira Boonaakoo
maali yoo asbaate” jettee kan isheen sirbitu erga birraan barii ta‟uusaa ciroo, “Ililliin
addaate” jedhurraa hubachuun ni danda‟ama jechuudha.
48
Dubartiin yaada jaalalaa keessashee jiru mana keessatti yeroo daakuu daaktullee dhagaa
daakuu qabattee sagalee mararoodhaan waa‟ee jaalalashee dhaamsa dabarfatti. Walaloon
Walaloon qabiyyeen yoomessi isaanii kanaan walqabatus fudhannee yoo ilaallu,
Mishingaan daakaa
Dhakaarratti hororeeni
Barriseen dhufaa
Baddeessaarraan goreenii
Boqqolloon daakaa
Bilcheessee marqachuufii
Yoon badee hin dhufne
Yaadakeen maraachuufii
Walaloo asiin olii kanarraa akkuma hubannutti sirbichi kan dubartiin yeroo mishingaafi
boqoolloo daaktu sirbitudha. Dubartiin yaada jaalalaan miidhamte tokko yommuu daakuu
daaktu dhagaa daakuutiin midhaan hororaa sagaleedhaanimmoo weeddisti. Weedduun
kun weedduu jaalalaati. Namoonni durii haadha manaa isaanii nama biraatti yommuu
shakkan tooftaan isaan shakkii isaanii ittiin addaan baafatan weedduu/sirba isheen yeroo
daakuu daaktu, yeroo gundoo hodhitu, yeroo qoraan cabsituufi kanneen kana fakkaatan
sirban hordofuudhaani. Kanarraammoo kan hubannu dubartootni yoomessoota kana
fakkaatanirratti sirba jaalalaa kan sirban ta‟uu isaati.
Sirbi jaalalaa aadaa kan dubartootaan sirbamu bakkee cidhaattillee bal‟inaan ni sirbama.
Shamarran bakka cidhaatti koodee isaanii ishee heerumtu faarsuun cinaatti waa‟ee
jaalalaafi jaalallee isaaniis bakka sanatti sirbuudhaan cidha ho‟isu.Sirboonni bakka
kanatti sirbaman waa‟ee ulaagaa jaalalaa, bareeda gurbaafi bareeda intalaa, waa‟ee
maatiisaafi maatiishee, waa‟ee bultii waliin dhaabuufi kanneen kana fakkaatanidha.
Sirboota asiin gadii yommuu xiinxallu yaaduma kana mirkaneeffachuu ni dandeenya:
Mukni tokko
49
Sirbi kun kan ilaallatu mucayyoo dhiirota cidha sana keessa jiran keessaa jaalallee waliin
baayyee turan qabdudha. Walaicha irraa akkuma hubannutti mukni tokko akkuma muka
biraa ta‟uu hin dandeenye jaalalleen ishee illee nama biraaf ta‟uu akka hin dandeenye
jabeessitee itti himatti. Kanarraa kan hubannu, dubartiin biraa jaalallee ishee sana jallaa
qoccolaa jirtu yookiin jallaa ilaallachaa jirtu mucayyoon shakkii qaabachuu isheeti.
Bo‟oowwan dhumaa lamaan ammoo wanti ibsitu, gurbaan intala biraa yoo yaada keessaa
kan qabu ta‟ellee, namoonni biyyaatuu isaan lamaan akka jaalallee walii ta‟aniifi
namoota gara fuula duraa bultii waliin ijaarrachuuf deeman akka ta‟anitti waan quba
qabaniif jallaa bahuu akka hin dandeenye asumaan akeekkachiisuudhaan haajaan isaan
waliin qabanis dhimma bultii waliin ijaarrachuu akka ta‟e kaasuun isa kana akka inni
dhugoomsuufii qabu carraa argatte kanaan dhaamsa dabarfachuushee argina. Sirba
kanarraa kan hubannu sirbi jaalalaa yeroo fuudhaafi heeruma bakka cidhaattis kan
sirbamuu danda‟ u ta‟ uusaati.
jechuun kabajaafi jaalala gurbaa hiriyyaa isaanii fuudhu ajaa‟ibsiifachaa gurbaan miyyoo
akka kunuunsuu qabu immoo amaanaa itti kennatu. Sirba kana keessatti miyyoon
miidhagduu ta‟uushee erga kaasanii faarsanii booda, gurbaanis hanguma bareeda mucattii
fardaan dabaalamee dhuufuu isaaf isallee jajanii jiru.Akka aadaa Oromootti fardi
miidhaginaafi gootummaa ibsa.Cidharratti immoo gootummaa caalaa miidhaginaafi
50
kabaja agarsiisa. Kanaafuu, gurbaan fardaan isaan dabaaluun cidha sana miidhagsuurra
darbee kabajaa isaaniif qabullee waan agarsiiseef jajatani. Dhumarratti immoo, gurbaan
ilma biyya haati qananiidhaan guddifte ta‟uusaa erga kaasaniif booda micayyoollee erga
fuudhee galeen booda jaalala haatisaa itti agarsiifte innimmoo jaalalleesaaf akka kennuuf
micayyoo jabeessuu akka qabu dhaammatu.
Dabalataanis, bakka cidhaatti sirbi jaalalaa sirbamu gabbara waliin walqabatee gurbaan
yaaddoo gabbaraa kan qabu yoo ta‟e yaadda‟uu akka inni hin qabneef falli jiru maal akka
ta‟e haala armaan gadiin weellisuun dhaamsa qaban dabarsu:
Gabbarri kennaa warri gurbaa warra intalaaf kennanidha. Bakka tokko tokkotti
dargaggeessi fuudhaaf gahee sababa gabbara kennuu dadhabuun fuudha sodaatee taa‟u ni
jira. Oromoo Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhiintuu birattis gabbarri
beekamaadha.Gabbarri kennamus loon, gaala, uffataafi qarshii fa‟a.Gurbaan fuudhaaf
gahe isaan kana hundumaa hanga warri mucayyoo gaafate yookiin immoo hanga naannoo
sanatti beekamu gabbaruudhaan intala barbaade harka galfata. Haata‟u malee, gurbaan
gabbara hanga kana kaffaluuf humna kan hin qabne yoo ta‟e gurbaafi micayyoon walii
galanii waliin deemuu ni danda‟u. Kana ilaalchisee micayyoonis jaalalleen ishee gabbara
akka hin yaaddofneef wanti guddaan jaalala waliif qabaachuu ta‟uu ibsuun isaan waliif
gallaan gabbarri hafuu akka danda‟u sirba kanaan ibsitiif.
Walaloo sirbaa armaan oliirraa kan hubannu gabbarri bultii ijaarrachuudhaaf gufuu ta‟uu
akka hin qabnedha. Kunis, dargaggoonni wal jaallatanii gaa‟elaaf waliigalan yoo maatiin
gabbara malee hin heerumsiifnu jedhe hariiroon isaanii rakkoo keessa galuu
danda‟a.Dargaggoonnis bultii ijaarrachuudhaaf duubatti harkifachuu danda‟u.kana
yommuu jennu garuu gabbarri barbaachisaa miti jechuu miti. Haala humna gabbaruu
danda‟uu dargaggeeyyii kan giddu-galeeffate yookiin immoo fedhii isaanii kan
bu‟uureffate ta‟uu akka qabu nu hubachiisa.
51
Shamarran bakka cidhaa yommuu deeman dursanii bareeduudhaaf qophii guddaa taasisu.
Sababni isaas, bakka sanatti jaalallee isaaniin walargu yookiin immoo jaalallee haaraa
baafachuu ni danda‟u waan ta‟eefi. Sirbi asiin gadiis yaada kanafaa of keessaa qaba.
Walaloon sirbaa armaan olii jajannaa kan of keessaa qabu yommuu ta‟u, shamarri tokko
bakkuma cidhaatti lafa jaalalleen ishee jirutti keessa kan ergaa ittiin dabarfattudha.
Sirbicha keessatti mana cidhaa deemuun dura maal gochuun akka barbaachisu erga
kaa‟aniin booda garuu gara jajannaa dhuunfaa jaalallee ofiitti deebi‟uun keessa ergaa
dabarfatu.
52
5.1. Cuunfaa
Ogafaan aadaa, duudhaa, fi seenaa hawaasa tokkoo kan afaaniin jiru qabee dhaloota
tokkorraa gara dhaloota birootti akka darbu taasisuu keessatti gaheen inni qabu
olaanaadha. Afwalaloon immoo gosa ogafaanii keessaa isa tokko yommuu ta‟u,
hayyoonni hedduun waa‟eesaa haala adda addaan ibsanii jiru.Afwalaloo ilaalchisee
barreessitootniifi ogeessotni adda addaa yaada addaa addaa kaa‟anii jiru. Finnegan,
(1977) akka ibsitetti, walaloon afoolaa akkuma seeneffamootaa; aadaa, duudhaa, seenaafi
haala jiruufi jireenya uummata tokkoo afaaniin dhalootaa dhalootatti kan dabarsudha.
Kanneen biroon yeroo walbira qabamus ka‟umsa ifaa ta‟e qabaachuun isaa adda akka isa
taasisu mul‟ifteetti.Akka Fedhasaa (2013:49) ibsettimmoo, “walaloon afoolaa waa‟ee
wanta tokkoo bifa walalootiin qindeessee kan himudha”jedha.Walaloon afoolaa aadaa
Oromoo keessatti durii kaasee waa‟ee gootummaas ta‟e bu‟aa ba‟ii jireenyaa
walaloodhaan waan ibsatuuf, kunis waltajjii dhimma hawaasummaarratti hurruubamuun
waan dhugoomuuf hedduu akka jaalatamu Fedhasaa (2013) addeesseera. Yaadota
kanneen irraa kan hubannu afwalaloon gosa ogafaanii keessaa jiruufi jireenya hawaasaa
ibsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta‟uu isaati. Afwalaloon Oromoos qabiyyeefi
jechoota jajjabootti gargaaramuun dhimmoota aadaa, siyaasaafi dinagdee sabichaa kan
calaqqisiisanidha.
Qorannoon kun akaakuu afwalaloo keessaa tokko kan ta‟e sirba irratti
xiyyeeffachuudhaan qoratame. Sirbi akaakuu hedduu kan qabu yoo ta‟u, xiyyeeffannoon
qorannoo kanaa sirba jaalalaa aadaa dubartootaan Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa
Dhiintuutti sirbaman xiinxaluu irratti xiyyeeffatee qoratame. Dubartootni aanaa Burqaa
Dhiintuu akkuma dubartoota Oromoo kaanii waa‟ee jaalalaa yeroo adda addaa bakka
adda addaatti ni sirbu. Yaaddoofi yaada jaalala keessatti isaanirra gahe, miiraafi jajannaa
jaalala keessatti qabaniifi falaasama waa‟ee jaalalaa sirba isaanii keessatti ni calaqqisiisu.
sirbaman irratti qorannoo akka gaggeessituuf kan ishii kakaase, naannoo jiraattutti
dubartootni bakkeewwan adda addaatti sirba jaalalaa yeroo fayyadaman ni taajjabdi.
Haaluma kanaan, sirboota jaalalaa dubartootni kun sirban xiinxaluun dhimmoota siyaas-
dinagdee dubartootaa beekuufi beekuufi akkamitti dubartoonni sirba jaalalaatti
fayyadamanii dhimmoota adda addaa akka ibsan beekuuf waan fayyaduuf dhimma kana
qorachuun ifa baasuun ka‟uumsa ishiif ta‟ee jira. Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa
sirboota jaalalaa Aanaa Burqaa keessatti dubartootaan sirbaman xiinxaluudha.
5.2. Argannoowwwan
Ragaalee qorannichaa meeshaalee funaansa raga kanneen akka afgaaffii, marii garee,
daawwannaafi sakatta‟a dokumentiidhaan guuraman xiinxaluudhaan qorattuun
argannoowwan asiin gadii argattee jirti.
Sirboonni jaalalaa aadaa dubartoota Ituun sirbaman qabiyyeewwan adda addaa kan qaban
yommuu ta‟u addumaan immoo qabiyyeewwan gurguddaa lama qabu. Qabiyyeewwan
kana lameen keessaa inni tokkoffaan yaadaafi yaaddoo jaalala keessatti dubartootni
keessummeessan kan ibsudha. Walaloowwan sirbaa afgaaffiifi marii garee irraa
guuraman yommuu xiinxallu qabiyyeen isaanii inni guddaan dubartootni jaalala keessatti
yeroo jaalallee isaaniin adda fagaatanii jiran, yeroo osoo wal hin argiin guyyoota dheeraa
dabarsaniifi jaalalli humnaa ol itti ta‟e yaada isaan keessa jiruufi yaaddoo waa‟ee jireenya
54
jaalalaa isaanii isa gara fuula duraa ilaalchisuun dhaamsa qaban sirbaan kan ibsatan
ta‟uusaa kan agarsiisudha. Inni lammaffaan immoo qabiyyeen sirba jaalalaa aadaa
dubartootaan Aanaa Burqaa Dhiintuutti sirbamu jajannaa kan agarsiisudha. Dubartootni
nama jaallatan sana cimina isaa kaasuudhaan waa‟eesaa olkaasanii kan ittiin
jajatan/faarsan akka ta‟e qorannoo kanaan bira gahamee jira.
Sirbi jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu jiruufi jireenya hawaasichaa keessatti gahee
olaanaa qaba. Kunis gama adda addaatiin yommuu ta‟u, inni tokko wantoota hawaasa
keessatti gaariifi fudhatama qaban jajjabeessuudhaan akka isaan itti fufan kan
jajjabeessudha. Kunis jaalalaafi adeemsa bultii ijaarrachuu keessatti duudhaaleefi
aadaalee gaarii fudhatama qaban jajjabeessuu keessatti sirbi jaalalaa aadaa dubartootaan
sirbamu kun gahee olaanaa qaba. Inni biroon immoo gaheensirbi jaalalaa aadaa
dubartootaan sirbamu kun gorsuudhaaf ni tajaajila. Kunimmoo, hariiroo jaalalaa keessatti
wantoota barbaachisoo ta‟an, haala waliin jireenyaa kaasuudhaan gorsa barbaachisaa ta‟e
kennuudhaaf gargaara.Keessumaa hariiroon jaalalaa, wanta dhugaa ta‟erratti ijaaramuu
akka qabuufi jaalallidhugaan namoota gidduu yoo jiraate qabeenya waliin horachuun
akka danda‟amu gorsa dabarsa.
5.3. Yaboo
Argannoo qorannoo kanaa irratti hundaa‟uudhaan akka yabootti yaadota armaan gadii
kana lafa kaa‟uu danda‟eera.
Sirbi jaalalaa aadaa dubartootaan sirbamu yeroo ammaa sirba ammayyaan bakka bu‟amaa
jira.Namootni sirba aadaa beekan haphachaa jiru.Kanaafuu, kana caalaa qaamonni
qorachuu danda‟an keessumaa miidiyaaleeniifi ogeessonni qorannoo aadaarratti hojjetan
waltajjiiwwan qorannoofi waarii aartii adda addaa qopheessuun osoo irratti hojjetan
gaariidha.
Barsiisonni Afaan Oromoo sadarkaa 1ffaafi 2ffaa aanichatti bnarsiisaa jiran sirboota
jaalalaa aadaa subartoota Ituun sirbaman kanneen barnoota isaanii keessatti qabatamaan
osoo barsiisaniifi bifa abbaltiiwwan gareen osoo shaakalchiisaa deeman beekumsi
barattootaa mata-duricha irratti dabaluu danda‟a.
Waajjirri aadaafi Turizmii Aanaa Burqaa Dhiintuu sirba jaalalaa aadaa dubartootaan
sirbaman irra caalaa sakatta‟uuniifi qorachuun sadarkaa Naannoo Oromiyaafi dhaabbilee
miidiyaa adda addaatti beeksisuu irratti osoo hojjetan gaariidha.
56
WABIILEE
Addunyaa Barkeessaa. 2010. Akkamtaa: Qorannoo Hujoo Ormoo. Finfinnee: Printing
Press.
Anderzejewski, B. W. 1984. Literature in Cushitic Languages other than Somali in
literature in African Languages.Cambridge: Cambridege University Press.
Assefa Tefera. 2003. Towards A Political Sociology Of Oromo Literature: Jaarsoo
Waaqoo‟s Poetry. MA Thesis, Addis Ababa University, Addis Ababa.
BATO (Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa). 1999.Afoola Oromoo Tuulamaa: Walaloo
geerarsa, faaruuleefi sirboota adda addaa. Jildii II. Finfinnee:
Caalaa Ejjetaa. 2019. Qaaccessa Sirba Haacaaluu Hundeessaa Jirra Jirraa:
Xiyyeeffannoon Fayyadama Afaaniirratti. Waraqaa Qorannoo Digirii Lammaffaa
(MA), Yuunivarsiitii Finfinnee, Finfinnee.
Dafaa Jamoo. 1974. Aadaa Oromoo Wallaggaa. Finfinnee: Mana Maxxansaa Senteraal.
Darajjee Fiixee. 2019. Qaaccessa Qabiyyee fi Bifiyyee Sirba Masqalaa Godina Horroo
Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii.Waraqaa Qorannoo Digirii
Lammaffaa (MA), Yuunivarsiitii Finfinnee, Finfinnee.
Dirribaa Tarrafaafi kaawwan.1999. Qabiyyee Mirrisaafi Darashii. Wiirtuu: Jildii-8.
Finfinnee: APE.
Dorson, R. 1972. Folklore and Folk life, an Introduction. Chicago: Chicago University
Press.
Eshete Gemeda. 2007. African society and egaliterian values: Oromo folklore literature
and cultural studies in a contemporary context.PhD Dissertation,Syddansk
University.
Fedhasaa Taaddasaa. 2013. Subii: Bu’uura Ogbarruu Oromoo.Finfinnee: Subi Printing
Press.
Feyisa Deme. 1996. Historical challenges in the development of Oromo Language and
some agenda for future Research.Journal of Oromo Studies, 3(1&2): 18-27.
Finnegan, Ruth. 1970. Oral Literature in Africa. Nairobi: Oxford University Press.
____________. 1977. Oral Poetry its nature, significance, and social context. Cambridge:
Cambridge University Press.
____________. 1992. Oral Tradition and the Verbal Art. AGuide to Research Practice.
Lodon and New York: Cambridge
Georges, R.A and Jones, M.O. 1995.Folkloristic: An introduction. Biloomingonton and
Indiana polis: Indiana University Press.
57
Iristee Akkawaaq Tooree. 2012. “Qaaccessa Sirna Lufiinsa: Raawwii Sirna Da‟umsaa
Godina Jimmaa Aanaa Maannaa. Waraqaa Qorannoo Digirii Lammaffaa (MA),
Yuunivarsiitii Finfinnee, Finfinnee.
Lammii Girmaa. 2019. Qaaccessa Raawwii Sirba Goobee Godina Shawaa Kaabaa Aanaa
Kuyyuu. Waraqaa Qorannoo Digirii Lammaffaa (MA), Yuunivarsiitii Finfinnee,
Finfinnee.
Maammoo Badhaasaa. 2017. Qaaccessa Qabiyeefi Unka Weedduu Arrabsoo Durbaa
Sirna Naqatanii Fuudhuu Godina Wallagga Lixaa Aanaa Haaruu.Waraqaa
Qorannoo Digirii Lammaffaa (MA), Yuunivarsiitii Finfinnee, Finfinnee.
Merriam, Alan P. 1964. The Anthropology of Music. Chicago: Northwestern University
Press.
Misgaanuu Gulummaa. 2011. Dilbii: Bu’uura Afoolaa, Ogafaaniifi Afwalaloo Oromoo.
Finfinnee: (Mana maxxansaa hin qabu).
Okpewho, I. 1992. African Oral Literature.Background,Character and Continuity. Bloo-
mington and Indianapolis: Indiana University Press.
Oliyaad Balaay. 2018. Xiinxala Qabiyyee Weedduu Jaalalaa: Godina Wallaggaa Bahaa
Aanaa Gudayyaa Biilaa Irratti Kan Xiyyeeffate. Waraqaa Qorannoo Digirii
Lammaffaa (MA), Yuunivarsiitii Finfinnee, Finfinnee.
Rechards Garlikov. 2021. The Meaning of Love. Troy University.
Seefuu Gaaddisaa. 2016.Qaaccessa Weedduu Aarrabsoo Fuudhaafi Heerumaa Oromoo
Godina Shawaa Lixaa Aanaa amboorratti Kan xiyyeeffate.Waraqaa Qorannoo
Digirii Lammaffaa (MA), Yuunivarsiitii Finfinnee, Finfinnee.
Vicent Guillem. 2012. The Law of Love: The spiritual Laws II. Valencia, Spain.
Woube Kassaye. 2002. Analysis of culture for planning curriculum: The case of songs
produced in the three main language of Ethiopia (Amharic, Oromigna, Tigrigna).
Joensuu: University of Joensuu.
58
DABALEEWWAN
Dabalee A
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
2. Am i n a a A ad am W a a qo o 4 5 Dhim/dubartii gandaa C a f f e e D a k k a r a a
4. F a a x u m a a U m a r4 2H o r s i i s a l o o n i i Caffee Dakkaraa
5. M o o m m o o S a ‟ i d4 3H o r s i i s a l o o n i i Caffee Dakkaraa
6. K a d o o A m m e e B o r u u 3 8H o r s i i s a l o o n i i Caffee Dakkaraa
7. M i s r a a S u u f e e4 7 H o r s i i s a l o o n i i Dhaddacha Hinnaa
8. F a a x u m a a M u u m m e e 5 0 H o r s i i s a l o o n i i Dhaddacha Hinnaa
9. H a a w a a M a a m m a d 4 5 H o r s i i s a l o o n i i Dhaddacha Hinnaa
13. H a l i i m a a B u s h r a a 4 3H o r s i i s a l o o n i i H a r o o H i i r o o
14. F a a x u m a a S a a l i i 4 9H o r s i i s a l o o n i i H a r o o H i i r o o
59
15. H a w w a a T u k k e e3 6H o r s i i s a l o o n i i H a r o o H i i r o o
16. A a m i n a a A a m m e e 4 9H o r s i i s a l o o n i i H a r o o H i i r o o
17. H a l l o o M a a m m m a d 5 0H o r s i i s a l o o n i i H a r o o H i i r o o
18. F a a x u m a a B o r u u4 4H o r s i i s a l o o n i i H a r o o H i i r o o
19. R a am a a Yuu su f e e U m a r 3 9H o r s i i s a l o o n i i O d a a Q a l ‟ a a
22. A a s h a a B a k a r3 7H o r s i i s a l o o n i i O d a a Q a l ‟ a a
23. S h u k r i i A l i y y i i4 3H o r s i i s a l o o n i i O d a a Q a l ‟ a a
24. S i t t i i A l i y y i i5 0H o r s i i s a l o o n i i O d a a Q a l ‟ a a
25. S h a m s h i i A m m a d e e 4 6H o r s i i s a l o o n i i R a a d a a D i b i c h a
26. M i s r o o T u k k e e3 8H o r s i i s a l o o n i i R a a d a a D i b i c h a
27. H a l o o R o o b a a4 2H o r s i i s a l o o n i i R a a d a a D i b i c h a
28. S a f i y a a M a a m m a d 4 1H o r s i i s a l o o n i i R a a d a a D i b i c h a
29. H a l i i m a a H a s s a n 4 0H o r s i i s a l o o n i i R a a d a a D i b i c h a
30. M a l i y a a H a a m i d o o 3 8H o r s i i s a l o o n i i R a a d a a D i b i c h a
60
Dabalee B
YUUNIVARSIITII HARAMAAYAA
Dabalee C
Walaloowwan qorannoo kana keessatti xiinxalaman