You are on page 1of 87

SEENAA BAANDII AFRAN QALLOO FI GUMAACHA INNI AFAANII FI

AARTII OROMOO IRRATTI QABU

QORANNOO SAGANTAA BARNOOTA DIGIRII LAMMAFFAA (MA)

ABARRAASH BAQQALAA

CAAMSAA 2013/2021
YUUNVARSIITII HARAMAAYAA, HARAMAAYAA
Seenaa Baandii Afran Qalloo fi Gumaacha Inni Afaanii fi Aartii Oromoo Irratti
Qabu

Qorannoo Barnoota Digrii Lammaffaa (MA) Muummee Afaan Oromoo,


Oogummaa fi Qunnamtiif Dhiyaate. Daarektoreeta Barnoota sagantaa Digrii
Lammaffaa

YUUNIIVARSIITII HARAMAAYAA

Ulaagaa itti guuttannaa Gartokkee Digrii Lammaffaa Afaan Oromoofi Oguma


Barsiisuutiin (MA)

Abarraash Baqqalaa Jedhuu

Caamsaa, 2013/2021

Yuunvarsiitii Haramaayaa, Haramaayaa


Yuunivarsiitii Haramaayaa

Daareektooreetii Sagantaa Barnoota Digrii Duraan Boodaa

Digirii Lammaffaa (MA) Guuttachuuf Qophaa‟ee, Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi


Namummaa: Muummee Afaan Oromoo, Ogumaafi Qunnamtiitti Kan Dhiyaatu. Xiinxaala
gahee Baandii Afran Qalloo guddina Afaanii fi Aartii OromooGodina Harargee Bahaa
Magaalaa Dirree Dawaa keessattiAbarraash Baqqalaa Jedhuutiin qophaa‟ee sadarkaa
qorannoo Yuunivarsiitii Haramaayaa kan guute ta‟uu isaa ni mirkaneessina.

Maqaa gorsaa ijoo ______________________________ Mallattoo _______Guyyaa ________

Maqaa gorsaa aantee______________________________Mallattoo ______Guyyaa _______

Akka miseensa boordii qortoota sagantaa barnoota digirii duraan boodaa (MA)tti, waraqaa
qorannoo barattuu Abarraash Baqqalaatiin qophaa‟e dubbistee madaalteetti.Akka qorattuutti
waraqaan kun unkaa qorannoo sagantaa barnoota digirii duraan boodaa Afaan Oromoofii
Oguma barsiisuu niguuta jettee mirkaneessiteetti.

Gaggeessaa _________________________________Mallattoo_______Guyyaa________

Qoraa Keessaa_______________________________Mallattoo_______Guyyaa _______

Qoraa Alaa __________________________________Mallattoo______Guyyaa________

ii
YAADANNOO
Yaadannoon qorannoo kanaa hundeessitootaa fi hirmaattota muuziqaa Baandii Afran Qalloo
kanneen badii tokko malee afaan isaaniitti fayyadamuu isaanii qofaaf sirnoota dabraniin haala
suukanneessaa dhaan lubbuu isaanii, qaama isaaniifii jiruu isaanii dhabaniif naaf haata‟u.
Akkasumas ulfinniifii kabajaan bara baraa isaaniif haata‟u.

iii
IBSA
Ani qorattuun maqaafii mallattoon koo armaan gaditti eerame, kun hojii dhuunfaa koo kanaan
dura Yuniivaristii kamiyyuu keessatti qorannoo eebbaatiif kan hindhiyaanne ta‟uu isaafi
wabiileen qorannoo kanaaf dubbisee irraa fayyadame hundumaayyuu qorannoo koo keessa
kaahuu koo mallattoo kootiin nanmirkaneessa.

Maqaa Abarraash Baqqalaa


Mallattoo _____________
Guyyaa _______________

iv
GALATA
Duraan dursee hojiin koo akka fiixaan naaf bahuf dadhabbiifii nuffii tokko malee gorsa
quubsaa naaf kennuu dhaan kallattiin itti deemuu qabu kan naagarsiisanii fi gorsaa koo ta‟uun
kan nadeeggaraa turan gorsaa 1ffaa Proff.Gar. Fiqaaduu Baldaa fi gorsaa 2ffaa Dr. Imaanaa
Bayyanaa baay‟een galateeffa dha. Dabalataanis, milkaa‟ina qorannoo kanaatiif jalqabaa
hanga dhumaatti yaadaanis ta‟ee humnaan nadeeggaraa, najajjabeessaa kan turan abbaa manaa
koo Obbo Toleeraa Daangee fi ijoollee koo Firaa‟ol Toleeraa, Giftii Toleeraa fi Barattuu
Hawweetan Toleeraatiif galannii koo guddaadha. Akkasumas Adde Ambara Husseen nuffii
tokko malee bakkan deemu hunda nawajjiin deemuudhaan gargaarsa milkaa‟ina qorannoo
kanaatiif naaf godhaniif galatnikoo guddaadha.
Dhuma irrattis qorannoo kana yammuun gaggeessu waan beekan osoo hinqusatiin nuffii tokko
malee odeeffannoo guutuu naaf kennuu dhaan kan nagargaaraa turan: Abootii gadaa,
maanguddoonni, haayyotni, dargaggootnii, shamarran fi wallistootaaf galanni koo guddaadha.
Keessumattuu; maanguddoo obbo Mahaammad Daamotaa, Obbo Mahaammad Mussaa
Corree, Adde Zahaaraa Yuusuuf, Dargaggoo Kadir Abdii, Yuuba Abdumaaliik Yoonuus,
hirmaattota marii garee, Wallisaa Yooniis Abdullaahii fi Wallisaa Adam Haaruu baay‟ee
galateeffachaa, ulfaadhaa umrii dheeraa argadhaan jedhaan.

v
HIIKKAA JECHOOTAA FI IBSA GABAAJEE
Hiikkaa Jechootaa
Aayyoo haadha, harmee
Adawwii diina
Araraasuu rakkisuu, cinquu, dhamaasuu, gidirsuu
Arbaa wala‟araa Yeroo baay‟ee si‟a lamaa ol
Axeeraraa baalaafii ija jimaa kan qama‟amu
Ayyadaa haadha biddeenaa
Bololuu osoo qabanuu waan namaa kajeeluu
Borore konkolaate ykn faffaca‟e
Burraaquu mirqaanuu
Caayaa gaaddisa, dibaaba
Cehi fiigi, arreedi, kaaddhu
Dachii lafa
Daran irra caala
Darbujaa dibbee
Dardara dargaggoo
Dhamala barbadaa ibiddaa
Dilii cubbuu
Faraqaa dabaree
Garaabaa mukaafii baala jimaa kan hinqama‟amne, kan darbamu
Gatuu ajjeesuu
Gubaala akka malee aarsuu
Haada funyoo, wadaroo
Hifachuu nuffuu
Ilillii abaaboo
Jarjaruu ariifachuu
Kabajaa ulfina
Namude na saaxile
Oonfii dhiifama
vi
Qaalawuu mi‟aa‟wuu: bittaa fi gurgurtaa keessatti gatiin oldabalu
Sakkamuu komachuu
Sumuda Sibiila ibiddaan diimessanii horiidhaan guban
Ugguruu ukkaamsuu, cufuu, dubbachuu dhorkuu
Wallisuu sirbuu
Zamzam bishaan jannataa
Zigaala gomaagomaa jechuu, osoo waansana gochuu garaan fedhuu diduu
Ibsa Gabaajee
ALI Akka Lakkoofsa Itiyoophiyaa
BATO Biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa
BMDD Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa
RBDHKDD Ragaa Biiroo Dhaabbata Koomishiinii Dirree Dawaa
OTV Oromia Television
OMN Oromia Media Net work

vii
BAAFATA QABIYYEE
Qabiyyee…………………………………………………………………...Fuula
IBSA…………………………………………………………………………….iv
GALATA v
Hiikkaa Jechootaa vi
Ibsa Gabaajee vii
AXEERARAA xi
1. SEENSA 1
1.1. Seenduubee Qorannichaa 1

1.2. Ka‟uumsa Qorannichaa 2

1.3. Gaaffilee Qorannichaa 3


1.4. Kaayyoo Qorannicha 3
1.4.1. Kaayyoo Gooroo Qorannoo Kanaa 3
1.4.2. Kaayyoowwan gooree qorannoo kanaa 4
1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa 4
1.6. Daangaa Qorannichaa 4
1.7. Qindoomina Qorannichaa 4
2. SAKATTA‟A BARRUULEE FIROOMANII 6
2.1. Yaada Rimee Muuziqaa 6
2.2. Yaadiddama Mataduree Qo‟rannichaatiin wal-simu 7
2.3. Faayidaa Muuziqaa 7

2.4. Faayidaa Muuziqaan Afaaniif Qabu 8


2.4.1. Itti Fayyadama Afaanii Muuziqaa keessatti 10
2.4.1.1. Filannoo jechootaa muuziqaa keessatti 11
2.5. Faayidaa Muuziqaan Aartii Keessatti Qabu 11
3. XIIN-MALA QORANNICHAA 14
viii
3.1. Saxaxa Qorannichaa 14
3.2. Madda Ragaalee 14
3.3. Idattoofi Mala Iddatteessu 14
3.3.1.Iddattoo 14
3.3.2. Mala Iddatteessuu 15
3.4. Malleen Funaansa Ragaalee 15
3.4.1 Af-gaaffii 15
3.4.2. Marii Garee 15
3.4.3. Sakatta‟a Harshammee 16
3.5. Mala Qaacceessa Ragaalee 16
3.6. Naamusa Qorannichaa 17
4. DHIYEESSAQAACCESSAA FI IBSA RAGAALEE 18
4.1. Qaaccessa Af-gaaffii, Marii Garee fi Sakkatta‟a Harshammee 18
4.1.1. Seenaa Baandii Afran Qalloo 18
4.2. Qaaccessa Af-gaaffii, Marii Garee fi Sakkatta‟a Harshammee 20
4.2.1. Gahee Baandii Afran Qalloo guddina Afaan Oromoo keessatti 20
4.2.1.1 Moggaasni,„Qottuu‟ jedhu, hojii akka ta‟e hubachiisuu 21
4.2.1.2.Sabni Oromoo Afaan Oromootti akka dhimma bahu gochuu…….22
4.2.1.3. Ummata Oromoo Afaan Oromootiin barsiisuu 24
4.2.1.4. Seera“Simaa Balawu” (Dhagahi jedhiin)jedhu xiqqeessuu 24
4.2.1.5. Afaan Oromootiin walaloo, diraamaafi beeksisa barreessuu 26
4.2.1.6. Afaan Oromoo Afaan saba-himaalee gochuu 27
4.2.1.7. Ittifayyadama Afaan Oromoo babal‟isuun afaanicha gabbisuu 30
4.2.1.8. .Jechootaa Afaan Oromoo kallattiifi al-kallattiitti fayyadamuu 31
4.3. Qaaccessa Af-gaaffii, Marii Garee fi Sakkatta‟a Harshammee 37
4.3.1. Gahee Baandiin Afran Qalloo Guddina Aartii Oromoo Keessatti 37
4.3.1.1.Qabiyyeewwan adda addaa walaleessuufi yeedaleessuu…………….38
4.3.1.2. Muuziqaa meeshaa muuziqaa waliin qindeessuu keessatti 47
ix
4.3.1.3.Dhiyeessa muuziqaa isaa hawwataa gochuu keessatti 49
4.3.1.4.Aartistoota dandeetti qaban heddu akka gad bahan taasisuu 49
4.3.1.5. Haalluu fi kiirolummaa sagalee madaalun wallistootaa filachuu….50
4.2.1.6.Waltajjii keeroograafii tolchuu keessatti 50
4.3.1.7. Diraamaa qopheesuun gahee taphachuu keessatti 50
4.3.1.8. Beeksisawwan garaa garaa afaan oromootiin beeksisuu 51
4.4. Qaaccessa Af-gaaffii, Marii Garee fi Sakkatta‟a Harshammee 52
4 .4.1.Danqaalee Baandii Afran Qalloo Mudatanii Turan 52
4.4.1.1.Qubee Afaan Oromoo Bocuu Isaa Irraa Kan Ka‟e 53
4.4.1.2. Ergaawwan muuziqaan dabraniin mootummaan mufachuu……53
4.4.1.3. Xalayaan Taaddasaa Birruu irra ergameeen kan ka‟e 57
4.4.1.4.Moggaasa Maqaa Afaan Qottuu jedhu balaaleffachuun………...59
5. CUUNFAA, ARGANNOO FI YABOO 61
5.1. Cuunfaa 61
5.2. Argannoo 61
5.3. Yaboo 62
WABIILEE 65
DABAALEEWWAN 68

x
Seenaa Baandii Afran Qalloo fi Gumaacha Inni Afaanii fi Aartii Oromoo Irratti
Qabu
AXEERARAA
Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan, Baandiin Afran Qalloo dhiibbaa afaaniifi aartii
Oromoo irra ture jijjiiruu keessatti gaheen isaa maal akka tureefi adeemsa isaa kana keessatti
mudannoo isaa xinxaaluu dha.Ka’uumsi qorannoo kanaas dhimma mata duree kanaa irratti
qorannoon gaggeeffame waan hin jieef qaawwaa kana guutuufi. Malli qorannoo kanas mala
qorannoo akkamtaati.Sababni isaas malli qorannoo akkamtaa mala odeeffannoo argaman
jechaan ibsuurratti waan xiyyeeffatuufi. Gosti qorannoo kanaa immoo gosa qorannoo
seenessaati. Maddi ragaalee qorannoon kun irraa argame irra caalaan ragaa sadarkaa
tokkoffaa yoo ta’u, ragaa sadarkaa lammaffaanis hojiirra ooleera. Qorannoo kana keessatti
qorattuun Aartistoota, Maanguddootaafi namoota dhimma kana irratti hubannoo qaban
hirmaachisuun dhimma itti baateetti.Malli iddatteessuu qorannoo kana keessatti filatame
mala iddatteessuu mit-carraa akkayyooti.Malleen ragaaleen ittiin funaanaman immoo, af-
gaaffii, marii garee fi sakatta’a harshammeeti. Akkasumas qorattuun qorannoo kanaa:
maalummaa Baandii Afran Qalloo, gahee Baandii Afran Qalloo afaan Oromoofiaartii
Oromoo keessatti qabu adda baafameera.Akasumas, dararamni hundeessitootaa fi
deeggartoota baandii afran qalloo irra gahaa turan eeramaniiru.Baandiin Afran Qalloo
hirmaannaan inni afaaniifii aartii Oromootiif godhe salpaa akka hinturre
hubatameera.Akkasumas, Seenaan Baandii Afran Qalloo Osoo kana caala qoratamee yaadni
jdhu kaahameera.

xi
0
1. SEENSA
1.1. Seenduubee Qorannichaa
Muziqaan hawaasa keessatti faayidaa adda addaa qaba. Muuziqaan humna cimaa waa jijjiiruu
danda‟u waan qabuuf aadaa hawaasa tokkoo haala sammuu namaa hawwatuun miira namaa
qirqidee, sammuu adoode dadammaqsuun galma barbaade gahuu nidandeessisiisa. Aadaa
calaqqisiisuu bira dabree, dandeettii afaanii gabbisuu, jireenya hawaasummaa fi adeemsa
siyaasaa keessatti motora ta‟uun gahee guddaa kan taphatuu dha. (Livinson ,1990).
Muuziqaan siyaasa cunqursaa fudhatama hin qabne fi hacuuccaa diddaa sirna garboofataa
irratt finciluun miidhaa xiin sammuu fi qaamaa akasumas sarbamuu mirgaa dhala namaa irra
gahuf dhaamsa guddaa kan dabarsuu dha. (Tyson,2006). Muuziqaan bifa adda addaatiin
hawaasa tajaajiluu nidanda‟a.Uummata isaatiif afaan ta‟uun barsiisuu fi dammaqsuuf ga‟ee
guddaa taphateera. Eenyummaa sanyii namaa ilaalee dhugaa baasuuf wantoota biroo irra
human cimaa qaba. Muuziqaan, yaada callaqisiisuun hawaasa sadarkaa addunyaatti walitti
fiduuf gargaara.Yaaduma kana cimsuuf muuziqaa, Sochii mirga uummataafi mormii
appaartaayidii, namummaa uumata gurracha Amerkaanotafi Afirkaa Kibbaamirkaneessuuf
godhame keessatti Muuziqaan shoora olaanaa tabeteera, (Makky, 2007).Waan kana ta‟eef
muuziqaan deeggaruufis ta‟ee mormuuf humna cimaa qaba jechuudha.
Muuziqaan kan walaloo fi yeedaloo akkasumas meeshaalee muuziqaatii fi sochii qaamaatiin
deeggaramee, jechoota gaggabaaboofi filatamoo dhaan haala qalbii namaa bututti kallattiifi
alkallattiin wallisaa ykn wallistuu miseensa garee hawaasa sanaa ta‟een hawaasuma sanaaf
kan dhiyaatuu dha. Adeemsa kana keessatti aadaan, afaaniifi aartiin hawaasa tokkoo
guddachuu nidanda‟a jechuudha.
Asaffaa (2009) akka ibsutti, Imaammatni sirna mootummaa Itiyoophiyaa dabraee guddina
Afaan Oromootiif danqaa tahee ture.Sababa kanaaf, Afaan Oromoo baroota dheeraaf afaan
afoolaa qofa ta‟ee ture. Afaan Oromoo afaan ogbarruu akka hin taaneefi meeshaalee
sabquunnamtii kan akka raadiyoo tiinillee ummatni akka hintajaajilamneef ifatti dhorkamaa
waan tureefi. Akkasumas, jalqabbiin barreeffama Afaan Oromoo baroota dheeroo dura
ta‟ullee, akka jalqabbii duraa itti hinfufin hafuun isaa, quucaruun isaa, afaan hojii, afaan
barnootaa, afaan qornnoo ta‟uu dhabuun isaa dhiibbaa giti bittaa sirnoota dabraniin irra gahaa
tureeni.
2

Girmaafi kanneen biro, (2001.) akka ibsanitti. Sirnooota darban keessa sababa dhiibbaa Afaan
Oromoo irra gahaa tureeen, afaan saayinsifi teeknoolojii osoo hinta‟iin tureera.
Akkasumas Sababa dhiibbaa Afaan Oromoo irra gahaa tureenis aartiin Oromoo dukkana
keessa ture. Haalli rakkisaan sun tattaaffii qabsaa‟ota kanneeniitiin ifatti bahee jira.Qabsaa‟ota
Oromoo Afaan Oromoo fi aartii Oromoo uuggura jalaa baasuu yaalan heddu keessaa inni
tokko Baandii Afran Qaloo ture. Baandiin Afran Qalloo haarsaa lubbuu kafaleefi qabsoo
hadhaawaa inni godheen har‟a Afaan Oromoo jedhamuun afaan hojii mootummaa, akkasumas
afaan aartiin adda addaa ittiin hojjatamu taasisuu keessatti hirmaannaa cimaa godheea.
Baandiin Afran Qalloo yeroo jalqabaatiif ijoolleen Oromootiin Magaalaa Dirree Dawaa
keessatti hundeeffamuun argaa-dhageettii uummata Oromoo kan ta‟eefi, guddina Afaan
Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabuudha. Akkasumas, guddina barruufi aartii
Oromootiif gaheen isaa baayyee olaanaa dha. Baandiin Afran Qalloo, aadaa Oromoo
guddisuuf carraaqiin inni godheefii haarsaa inni kafalaa ture, seenaa uummata Oromoo
keessatti bakka guddaa qaba. Baandiin kun qabsoo muuziqaa isaatiin acuuccaafii ukkaamsaa
Afan Oromoo yeroo sanaa: mormuun, balaaleffachuun, barsiisuu fi kkf.niin Afaan Oromoofi
Aartii Oromoo ifatti baasuu kan danda‟ee dha.
Walumaa galatti Afaan Oromootiin walaloo barreessuun yeedaloo itti uumee bifa
muuziqaatiin ijaaree uummataaf dhiyeessuu keessatti Baandiin Afran Qalloo qooda guddaa
qaba. Ijaarsa muuziqaa kana keessatti raawwiiwwan aartii hojii irra oolchaa tureera.(Af-gaaffii
OMN Mahaadii Hamiid waliin, Amajjii, 2010)
Xiyyeefannoon qorannoo kanaas gahee Sochiin muuziqaa Baandiin Afran Qalloo aartii fi
afaan Oromoo guddisuufs godhe xinxaaluudha.
1.2. Ka‟uumsa Qorannichaa
Want keessaa inni bu‟uuraa, gaheen Baandiin Afran Qalloo guddinaa afaaniifii aartii Oromoo
keessatti inni taphate maal akka ture barreeffamaan qindeessitee kaahuufi. Sababni isaas,
Baandiin Afran Qalloo hanga hojiin isaa bu‟aa uummata Oromootiif buuse keessa gad
bu‟amee hinqoratamne. Haata‟u malee, namni Tasfaayee Tolasaa Bassaa jedhamu, „A History
Of Oromo Cultural Troupes (1962-1991) kan jedhu bara 2004 ALItti Afaan Ingiliffaatiin
Uniivaristii Wallaggaatti Muummee Seenaatiif qoratee Dhiyeessee ture.Qorannoon isaas
seenaa Baandii Afran Qalloo bara1954.ALItii as hanga tokko kan ibsu fi qaaccessa
walaloowwan Baandii Afran Qalloo tokko tokko kan of-keessatti hammatu ture. Dabalataanis,
3

Tasfaayee Tolasaa Bassaa Kun Digirii isaa sadaffaa Universitii Addis Ababaatti Muummee
Seenaatiif, “A History Of Oromo Literature and Identity Issues, (c.1840-1991)” mata duree
jedhuun seenaa barruu Afaan Oromoo fi dhimma eenyumaa Oromoo irratti kan xiyyeeffate fi
qaamolee jalqabbii barreeffama Afaan Oromootiif qooda qaban keessaa BaandiiAfran Qalloo
akka qaama tokkootti kaasee jira.
Haata‟umalee qoraoleen Tasfaayee Tolasaatiin mata duree lamaaniinuu qorataman, Seenaafi
gahee Baandiin Afran Qalloo Afaaniifi Aarii Oromoo keessatti qabu gadi fageenyaan kan
hinibsineefi qorannooleen kunneenis Afaan Ingiliffaatiin kan gaggeeffaman waan ta‟aniif
qorqnnoolee kunneen namootni hundinuu hubachuu waan hindandeenyeefi. Akkasumas,
hanga ammaatti dhimma mata duree kanaa irratti Afaan Oromotiin namni qoranoo gaggeesse
hinjiru.Waan kana ta‟eef gumaacha Baandiin Afran Qalloo Afaan Oromootiifi Aartii
Oromootiif gumaache gadi fageenyaan hinqoratamne jechuu dha. Kanaafuu Baandiin Afran
Qalloo seenaa isaa keessatti walaloo baayyee barreessee yeedaleessee dhiyeessuu dhaan,
diramaa garaa garaa dhiyeessuu dhaan, beeksisaalee garaa garaa dhiyeessuu dhaan , Afaan
Oromoo Afaan miidiaa taasisuufi kkf.hojii irra oolchee, Afaan Oromoo fi Aartii Oromoo
bilisoomsuuf gaheen isaa baay‟ee waan tureef gahee Baandii Afran Qalloo kanaa qorannoo
qabatamaa ta‟e Afaan Oromootiin barreeffamee dhalootatti akka dabru taasisuufi.
1.3. Gaaffilee Qorannichaa
Qorannoon kun gaaffilee armaan gadiitiif deebii kenna.
a. Baandiin Afran Qalloo yoom, eessattifi eenyuun hundeeffame?
b. Dhiibbaa Afaan Oromoo irra ture keessaa baasuufi ka‟uumsa aartii Oromoo keessatti
gaheewwan Baandii Afran Qalloo maal maal turan?
c. Adeemsa afaaniifi aartii Oromoo hojii irra oolchuuf taasifame keessatti Baandii Afran
Qalloo danqaalee akkamiitu isa mudate?
1.4. Kaayyoo Qorannicha
1.4.1. Kaayyoo Gooroo Qorannoo Kanaa
Seenaa Baandiin Afran Qalloo akkasumas, Baandiin Afran Qalloo dhiibbaa Afaaniifi Aartii
Oromoo irra gahaa ture jijjiiruu keessatti gaheen isaa maal akka tureefi adeemsa isaa kana
keessatti mudannoo isa mudate xinxaaluu dha.
4

1.4.2. Kaayyoowwan gooree qorannoo kanaa


a. Seenaa hundeeffama Baandii Afran Qalloo addeessuu
b. Dhiibbaa Afaan Oromoo irra ture keessaa baasuufi ka‟uumsa aartii Oromoo keessatti
gaheewwan Baandii Afran Qalloo adda baasuu.
c. Adeemsa afaaniifi aartii Oromoo hojii ira oolchuuf taasise keessatti danqaaleen akkamii
Baandii Afran Qalloo akka muudatan addeessuu.
1.5. Barbaachisummaa Qorannichaa
Qorannoon kun kangaggeeffameef irra caalaatti Baandiin Afran Qalloo guddina Afaanii fi
Aartii Oromoo keessatti qabu xinxaaluuf: aadaa, seenaa, afaaniifi eenyummaa hawaasa durii
kan ammaa kan naannoo qorannoon kun itti gaggeeffamuu ibsuu irratti gahee guddaa taphata.
Kana malees: Dhaloonni haarawaan gumaachaa baandiin kun afaaniifi aartii isaaniitiif
gumaache gadi fageenyaan hubachiisuuf, namoota qorannoo biraa waa‟ee dhimma kanaa
irratti bal‟inaan qorachuu barbaadaniif ka‟uumsa akka ta‟uuf, qorannoon kun akka ambaalee
birootti Biiroo Aaadaafi Turiizimii Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaafi Oromiyaa keessa
taa‟ee warra odeeffannoo dhimma kanaa barbaadan akka tajaajiluuf, seenaan osoo hin
quucariin bifa barreeffamaatiin galmaa‟ee yeroo dheeraa akka turuufi dhalootaa dhalootatti
akka dabruuf qorannoon kun qaacceffamee dhiyaateera.
1.6. Daangaa Qorannichaa
Qorannoon kun kangaggeeffame godina Harargee Bahaa Magaalaa Dirree Dawaatti. Sababni
isaas baandiin afran qalloo kan hundeeffame magaalaa Dirree Dawaa keessatti waan ta‟eefi.
Ragaa kennitootnis kanneen dhimmicha irratti muuxannoo quubsaa qabaniifi hirmaattotni
baandichaa tokko tokkos magaalaa Dirree Dawaa keessatti waan argamaniifi. Akkasumas,
qorannoon kun mata duree Baandiin Afran Qalloo gumaacha inni afaanii fi aartii Oromoo
keessatti qabuu irratt kan daangeffameedha.Sababni isaas hojiin baandiin kun ummata
Oromootiif raawwate baay‟ee ta‟ullee, qorannoo gabaabaa kana keessatti hunda isaanii
kaasuun yeroo dheeraa, godinaalee adda addaa keessa naannawuu, humnaafii maallaqa
olaanaa kan barbaadu waan ta‟eefi.
1.7. Qindoomina Qorannichaa
Qorannoon kun boqonnaawwan shanitti qoodama.Boqonnaan tokko Seenduubee qorannichaa
waliigalaan ibsameera. Seenduubee jalattii: ka‟uumsa qorannichaa, gaaffiilee qorannichaa,
kaayyoowwan qorannichaa, barbaachisummaa qorannichaa, daangaafi qindoominni
5

qorannichaa dhiyaateera. Boqonnaa lammaffaa keessatti sakatta‟ainni barruu firoomanii


dhiyaataniiru. Boqonnaan sadii mala qorannichaa yoota‟u, boqonnaa kanajalatti: saxaxa
qorannichaa, madda odeeffannoo, iddattoo fi iddatteessuu, meeshaaleen funaansa ragaalee fi
Malli qaaccessa ragaalee qindaawaniiru.Boqonnaan Afur jalatti,xinxaalaa fi qaaccessi
ragaalee dhiyaataniiru. Dhuma irrattis Boqonnaa shan jalatti immoo,cuunfaan, argannoo fi
yaboon dhiyaataniiru.
6

2. SAKATTA‟A BARRUULEE FIROOMANII


2.1. Yaada Rimee Muuziqaa
Jiruufi jireenya dhala namaa keessatti dhalii namaa muuziqaadhan addaan bahee jiraachuu
hindanda‟u.Kanaafuu hawaasni muuziqaa hinqabne hin jiru jechuudha.Hawasni kamiyyuu
muuziqaa mataa isaa uummatee qaba. Kanaafuu muuziqan nama malee namnis muuziqaa
malee jiraachuu waan hin dandeenyeef muuziqaafii dhala namaa jidduu hidhata cimaatu jira
jechuudha. Akka Blacking, (1995) ibsutti, muuziqaan hubannoo dhala namaa kan qajeelchuufi
qaama bu‟uuraa jireenya dhala namaati. Muuziqaa uumuun, dhimmoota hawaasummaa
birootii kan fayyadu dhimma hawaasummaa addaati. Muuziqaan calaqqee ta‟iinsota aadaa
dhala namaa qofa osoo hinta‟iin dandeettii dhala namaati jedha.Ibsa kana irraa waanti
hubatamu muuziqaan waantota dhala namaa kallattii sirrii qabsiisan keessaa isa olaanaafi
waantota bu‟uuraa kanneen jireenya namaatiif barbaachisan keessaa isa tokko ta‟uu isaa ibsa.
Muuziqaan dhala amala leenjisuun hubannoo hawaasa isaanii akka beekan
nigargaara.Namootni hubannoo muuziqaa irraa argataniin haala jiruufii jireenyaa, miira,
ilaalcha, seera fi heera ittiin bulmaata hawaasa isaanii dubbachuu nidanda‟u. Kanarraa
ka‟uudhaan raawwiis haata‟uu, uumama muuziqaatiif duubdeebiin namoonni kennan
akkafeetee hinta‟u jechuudha.(Ter Elling.et al, 1987).Yaada kana irraa waanti hubatamuu
danda‟u immoo muuziqaan ta‟e jedhamee of eeggannoon itti yaadamee kan raawwatamu ta‟uu
isaa eera.
Livinson, (1990) akka jedhutti immoo, Muuziqaan aartii ta‟uu isaa agarsiisuuf, walta‟iinsa
namoootaatiin qindaawee hirmaanaa cimsuufii guddisuun: dhaggeeffachuu, shubbisuu,
ta‟uumsa kan ofkeessatti qabu sagalee hiika qabeessa isa olaanaa dha. Karaa biraatiin namni
kun, muuziqaan qindaawina hinqabne akka waca shimbirroo kan hiikni itti hinkennamneedha
jedha. Sababni isaas muuziqaan kan namaan uumamee, nama dammaqsuu danda‟uufi
qindaawaa ta‟uu qaba. Muuziqaan dhala namaa biratti kan dhaggeeffatamu, qindaa‟ina,
yeedaloo, rukuttaa, kiilolummaafi kkf.yooqabaateedha.
Karaa biraatiin Livinson, muuziqaa fi aartii muuziqaa jidduu daangaa kaahuudhaan aartiin
muuziqaa kan walii galtee idiladdunyaa kan qabuufii aadaa uummataa kan ibsuu danda‟uudha.
Muuziqaan garuu qindaa‟ina sagalee kamiituuti jedha. Fakkeenyaaf:sagaleelee sagantaa
televizyiinaa dabaalan, sagaleelee irradeddeebi‟aman, faaruu guyyaa dhalootaa
7

(happy birth day) fi kkf., muuziqaalee mi‟eessituu ofkeessaa hinqabneedha jechuudhaan


muuziqaa aartii qabuufii muuziqaa aartii hin qabne jechuudhaan bakka lamatti qoodee ibsa.
Kania, (2010) immoo, gama isaatiin muuziqaa yammuu ibsu, muuziqaan ittiyaadamee kan
dhiyaatu yookaan kanqindaawee dhaggeeffatamu, qabiyyee amala bu‟uura muuziqaa kanqabu,
jechuun kan akka yaa‟a sagaleefii rukuttaa qabu yookaan haala kamiyyuu keessatti
dhaggeeffatamuu danda‟u, yeedaloofii hollannaa sagalee kan qabu dha jedha. Baandiin Arfan
Qalloos dhiibbaa Oromoo irratti fe‟ame manacaasee Afaan Oromoo namoota bayeen akka
namoota baay‟ee dhaan dubbatamuufii dhaggeeffatamu gochuu keessatti gahee inni aguuggii
muuziqaatiin taphate baay‟ee ol-aanaadha . Akkasumas dhiibbaan Muuziqaa Baandii Afran
Qalloo sirna Nafxanyaa irratti godheen, qaanqee bilisummaa uummata Oromoo Afaan
Oromoo fi Aartii keessatti facaasuu danda‟eera. (Mahaamed (2003)

2.2. Yaadiddama Mataduree Qo‟rannichaatiin wal-simu


Yaadiddamootni qorannoo qajeelfamoota hojiin qorannoo gaggeefamu yommuu ta‟u,
qorannoon tokko yaadiddama iarratti bu‟uureffamuu akka qabu hayyoonni hedduun niibsu.
Yaaduma kana deeggaruun, Osanlo and Grant, (2014) yommuu ibsan yaadiddamni hojii
qorannoo tokkoo keessatti mata duree filachuuf, gaaffilee bu‟uuraa qopheessuu, sakatta‟a
barruulee qindeessuuf, saxaxa qorannichaa murteessuufi mala qaacceessa ragaa filachuuf
bakka guddaa qaba. Kana jechuun adeemsi raawwii hojii qorannoo sanaa kan murtaa‟u
yaadiddama qorannichi ittiin adeemsifamu sanaan ta‟uudha. Bu‟uruma kanaan qorannoon
kunis yaadiddamoota bu‟uuraa dhimma itti bahame kutaa kana keessatti bal‟inaan ibseera.
Hayyoonni muuziqaa xiinxaluuf kan oolan yaadiddoomootni addaa addaa nijiru
.Yaadiddamoonni kunniinis, faayidaa muuziqaa hubachuufi xiinxaluuf maloota garaagaraa
kaa‟u. Adeemsa xiinxala qorannoo keessatti yaadiddamoonni kallattii nama qabsiisan hedduu
yommuu ta‟an, yaadiddamni qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame yaadiddama
faayadamummaa ti.
2.3. Faayidaa Muuziqaa
Akka yaadiddama fayyadamummaatti waantootni kamiyyuu faayidaalee uumamaa kanmataa
isaanii niqabu. Fakkeenyaaf maqxuun (scissors) waantota muruuf, onneen qaamakeenyaaf
dhiiga raabsuuf akkuma tajaajilan hundaa, muuziqaanis faayidaalee garaa garaa qaba.
Faayidaaleen kunneenis: Eenyummaa ofii ittin ibsachuuf, Gadda, Gammachuu ofii ittiin
ibsachuuf, Qabsoof ittiin kakkaasuuf, faarfachuu, gabrummaa diduuf, abbaa irrummaa
8

mormuufii kkf.tajaajila. Kanaafuu muuziqaan mul‟istuufii lafee dugdaa aartii miidhaginaati.


Muuziqaan miira keessaa namaa kan akka: Gammachuu, aarii, jibbiinsa, diddaa, mormiifii
kkf, ibsufis nitajaajila. Muuziqaan namoota walitti dhiyeessuuf, dhimma hawaasummaa
ibsuuf, guddina afaan hawaasaatiif, aadaafii eenyummaa namaa ibsuuf, aadaa nama biraa
irratti hirmaachuuf, xiyyeeffannoo argachuuf sirbuun, dhiichisuun sirna adda addaa keessatti
tajaajila nikenna. Muuziqaan gaddaafii gammachuu ofii ibsachuufis ni gargaara jechuudha,
(Makky 2007).
Dabalataanis muuziqaanbifa adda addaatiin hawaasa isaa tajaajila.Muuziqaan hawaasa isaa
barsiisuuf fi dammaqsuuf ga‟ee guddaa taphata. Eenyummaa fi eessaa dhuftee sanyii namaa
ilaalee dhugaa baasuuf wantoota biroo irra human ni qaba. Muuziqaan yaada callaqisiisuun
hawaasa sadarkaa addunyaatti walitti fiduuf gargaara. Dammaqiinsa muuziqaan fidu yoo
gochaan deegarame hawaasa qaroomaa uumuuf nigargaara,( Loowrnesi, 2002).
Akkuma armaan olittifaayidaan muuziqaa ibsametti, muuziqaan Baandii Afran Qalloos
muuziqaa Oromoo barreessuu dhaan haala ammayyaaween qindeessee; mi‟eessee
dhiyeessuudhaan hawwatamummaa addaa itti uumee afaan Oromoo dubbattootaafi
dhaggeeffatoota heddu akka horatuu, akkasumas namoota afaan Oromoo hinbeeknellee
booj‟uudhaan afaanichi akka bilisoomsuu dhaan akka toora afaanota biro hiriiru gochuu
danda‟eera. Akkasumas, Muuziqaan Baandii Arfan Qalloo Uummanni Oromoo: Aadaa, Afaan
fi Aartii Oromoo guddisuu bira darbee eenyummaa isaatiif akka falmatu bashanansiisaa
kakaasuu danda‟eera. Akkasumas muuziqaa Afaan Oromoo ammayyeesuun haala yeroo
wajjin akka deemu godheera. Haalli kun ammoo milkaa‟ina guddina Afaan Oromoofii Aartii
Oromoo har‟aatiif bu‟ura ta‟eera.(Bariisaa,1968)
2.4. Faayidaa Muuziqaan Afaaniif Qabu
Muuziqaan jiruufi jireenya uummataa keessatti faayidaa hedduu qaba. Muuziqaan ittiin
gorsuuf, ittiin barsiisuuf, hojii uummata biratti fudhatama hinqabne kan akka hannaa fi sobaa
ittiin balaaleffachuuf, ittiin dhaadachuuf , sammuu namaa jijjiiruufii kkf ittiin ibsuuf gargaara.
Kanaafuu guddina afaan tokkootiif bu‟aa guddaa qaba. Haata‟u malee dubbiin afaan hawaasaa
afaan tokko dubbatu qofaan daanga‟uu danda‟a. Afaan muuziqaa garuu, dubbattoota afaan
garaa garaa dubbatan walii galchuu ni danda‟a. Fakkeenyaaf barreessaan beekamaa Franz
Josph Hydn, biyyoota Awurooppaa daawwachuuf yammuu ka‟utti, hiriyaan isaa kan ta‟e,
Mozart namni jedhamu, rakkoon walii galtee afaanii isa mudachuu akka danda‟u yammuu
9

tilmaameefitti, innis deebisee hinyaadiin namootni addunaa hundinuu afaan kiyya hubachuu
nidanda‟u jechuun deebiseef jedhama.(Kivy, 2007)
Akka qorannooleen adda addaa ibsanitti afaaniifi muuziqaan amala waloo qabaachuu isaanii
ibsu.Lamaan isaaniituu qindaa‟ina jechaa, itti fayyadama seerluugaa, akkasumas yaa‟insa
sagalee gurratti mi‟aawu qabaachuu qabu.Haata‟u malee seerluugni muuziqaafii seerluugni
afaanii garaagarummaa niqabu. Waan kana ta‟eef ijaarsa muuziqaa hubachuuf duraan dursa
seerluuga afaanichaa beekuun baay‟ee barbaachisaadha.(Mithen, 2006)
Akka Fitch, (2005). jedhutti immoo afaaniifii muuziqaan bu‟aa hubannoo namootaati.Lamaan
isaniituu sagalee dubbiifii wal-duraadubummaa caasaalee afaaniitiin dhiyaatu.Akkasumas ,
isaan lamaanuu barreeffamaan dhiyaachuu nidanda‟u.
Muuziqaa dhaggeeffachuun waantota hubatamuuf rakkisoo ta‟an salphaatti hubachuu nama
dandeessisa.Muuziqaan kaariikulamii barnoota afaanii keessa galchuun afaan barsiisuun
dandeettii afaanii cimsuun ni danda‟ama. Barattoota muuziqaatti gargaaramuun afaan
barataniifii barattoota muuziqaa malee afaan baratan jidduutti qorannoo godhame irratti
barattootii muuziqaan fayyadamaa afaan baratan warra muuziqaa malee afaan baratan caala
dandeettiin afaan isaanii baayyee akka cimaa ta‟e ibsa.Dabalataanis, Muuziqaan namoota
rakkina waliigaltee qabaniifi dawaa furmaataati jedha.(Ray,1977).Waanti kana irraa
hubatamus afaaniifii muuziqaan walitti hidhiinsa cimaa qabaachuu isaaniiti.
Namni tokko dandeettii walii galtee gabbifachuu dhaaf, itti fayyadama afaanii gabbifachuutu
irra jiraata. Haaluma walfakkaatuun muuziqaa dhaggeeffatanii barreessuun dandeettii dubbii
nicimsa, kaka‟uumsa niuuma akkasumas dandeetti salphaatti jechoota hubachuu
nigonfachiisa.(Brown, 2006).
Muuziqaan qabiyyeewwan afaanii barsiisuufis ta‟ee, dandeettiiwwan afaanii cimsuuf meeshaa
humna olaanaa qabuudha. Mala afaan baruufii barsiisuu keessatti qabiyyee muuziqaa
ofkeessatti hammateen barsiisuun barattootni: ittifayyadama jechootaa, ittifayyadama seer-
luugaa, ittifayyadama malleen dubbii olguddifachuu isaan dandeessisa.Akkasumas dandeettii
yaaduu isaanii bal‟isuudhaan dandeettii afaanii keessatti bu‟aa gaarii akka galmeessan taasisa.
(Garza, 1994).
Afaaniifi muuziqaan walitti dhufeenya cimaa qabaachuu isaanii irraan kan ka‟e,afaan hojiilee
xin-sammuu ol-guddisuufii fooyyessuuf akka gargaaru, akkasumas muuziqaan guddina
afaaniitiifi fooyya‟ina ittifayyadama afaanii gutummaatti ofkeessatti hammata.Kunis dhalli
10

namaa dur irraa kaasee akkamitti akka walii galuu danda‟ufi akkamitti akka sirbuu danda‟u
barachaa dhufeera. Muuziqaa keessas dubbachuufi sirbuun waan jiraniif muziqaan,jechoonni
afaanichaa qindaawanii akka ibsaman haala mijeessa.(Thaut, 2005).
Baandiin Afran Qalloo Afaan Oromootiin Gama ogbarruu Oromootiin ummata Oromootiif
bu‟aa guddaa buusee ture.Barreeffamoota hololoofi walalootiis baayyinaan barreessee
ture.Akkasumas walaloo barreesse yeedaloo itti uumee bifa muuziqaatiin ijaaree uummataaf
dhiyeessuu fi Afaan Oromoo hawwataa ta‟ee toora afaanota biro akka hiriiru gochuu keessatti,
faayidaa baay‟ee kennaa ture.( Asafaa, 2009).
2.4.1. Itti Fayyadama Afaanii Muuziqaa Keessatti
Muuziqaa keessattis ta‟ee haasawa kamiyyuu keessatti, itti fayyadamni Afaanii haalaafi bakka
kamitti hawaasni afaanitti akka fayyadamuu qabu addeessa Fedhesaa (2013). Fayyadamni
afaanii hojii kamiyyuu keessatti barbaachisaafi murteessaa dha. Fayyadamni afaanii haala
sadarkaa guddina afaan hawaasaa fi amala gosa hawaasaa calaqqisiisa. Kana malees,
fayyadama afaanii kan jedhamu naamusa ogummaa afaanii irratti xiyyeeffatu ta'ee akkaa taa
afaan itti fayyadamnuu ittiin barannu, ittiin ergaa dabarfannufi addunyaa ammayyaa keessatti
tajaajila irra ittiin olfannuu dha.
Afaan ammuma beeknu itti fayyadamna malee tajaajilli afaan nuuf kennu haala hubannoo
keenyaatiin oli ta'uu nidanda'a. Sababni isaas, tajaajilli afaan dhala namaatiif kennuu danda'u
danuu waan ta'ee akka salphatti ibsuufi laakka'uu dhaan kana sana jennee dubbachun
ulfaataadha.
Fayyadamni afaanii karaa afaanitiin walitti dhufeenyi yeroo taasifamu, namni tokko yookaan
hawaasichi looga afaanichaa keessaa isa kam akka fudhatu agarsiisa. Kana jechuunnis
fayyadama afaanii eenyu eenyuuf, yoomiifi eessattin haasawa?isa jedhu agarsiisa. Haasawni
kunis dhiira ykn durba, ijoollee ykn nama guddaa, kan barate ykn kan hin baratiin nama
jireenyasadarkaa olaanaa qabu ykn nama jireenyi isaa sadarkaa gadi aammaa irra jirufi kan
kana fakkatu ta'uu danda'a. Eenyuuf inni jedhus eenyummaa nama dubbata muuf yookaan
haasa'an taasifamuuf sana kan ilaallatuu dha.
Kunis akkuma armaan oltti ibsameetti saala, urmii, sadarkaa barumsaafi sadarkaa jireenyaa
irratti kan hundaa'e ta'uu danda'a. Namootni lamaa kan sadarkaan wal- gitaniifi wal-hinginne
ta'a.yemmuu kana jennu yeroo itti dubbiin sun taasifamu kan ilaallatu yoo ta'u, kunis galgala,
11

ganamafikkfta'uu danda'a. Eessatti kan jedhu immoo iddoo haasaan sun itti gaggeeffamu
agarsiisa, (Fishman, 1971).
Akka Clark, (1996), dhalli namaa Afaanitti dhimmoota haasaa guyyaa guyyaa keessatti
dhimmoota akka muuziqaa gabaa, affeerraa soorataa, wal-falmii siyaasa garageraa, ajajaa
haala baruufi barsiisuu, namoota karaa nagatiin walii galtee uumuu gorsaalee garagaratiifi kkf
afaanitti akka fayyadaman ibsa.
Karaa biraatiinis qubee afaan tokkoo bocuufii caasaa afaan tokko irratti qo'annoofi qorannoo
taasisuun qaaccessanii furmaata barbaaduun akka danda'amu taasisa. Afaan keessatti haalli
fayyadama jechootaa, afaanichaaf gahee guddaa waan taphatuuf itti fayyadama afaanii malee,
ergaa barbaadame wal-jijjiiruun gonkumaa hindanda'amu. Haaluma kanaan itti fayyadama
afaanii kana keessatti muuziqaan gareen jechootaa sirnaan fayyadamuun ergaalee gurguddoofi
barbaachisoo ta‟an dabarsa jechuu dha. (Yuong Reachard, 2008).
2.4.1.1. Filannoo jechootaa muuziqaa keessatti
Muuziqan jechoota dubbii afaaniitiin yeedaloon kennameefii, jechoota filatamoo dhaan kan
dhiyaatu ta‟ee, kalaqaafi ogummaa dhimma hawaasummaa addaa addaa irratti xiyyeeffatu
dha. Haala kanaan aadaa, duudhaa, safuu, seenaa, eenyummaa hawaasaa, ogummaafi jireenya
hawaasa tokkoo ibsuuf humna guddaa kan qabu dha. Jechootni muuziqaaf filataman kanaan
jireenya hawaasaa keessatti sochii godhamuu, bu‟aa bahii jireenyaa, mudannoowwan gara
garaa, rakkoowwan isaan mudatan bira darbuudhaaf qabsoo godhamu keessatti, jechoota
muraasaan ergaa bal‟aa dabarsuun nidanda‟ama. Muuziqaan gosa ogbarruu miidhagina
sagalee, filannoo jechootaa, yeedaloo, wal-qixxummaa safara birsagootaa, unata sagaleefi
duraa duuba jechootaa beekamuu dha. Fayyadamni jechootaa muuziqaa tokko keessatti
mul‟atan karaa ifa ta‟eefi karaa hiika dhokataa ta‟een ergaa barbaadame dabarsuu nidanda‟a.
Haaluma kanaan, muuziqaan filannoo jechootaa keessatti, jechoonni filataman kunneen,
karaa:jechoota loogaa, jechoota moggoo, jechoota hiika faallaa fi jechoota hiika kallattii
qabanitti dhimma bahuun yaada barbaadame ibsuun nidanda‟a. Jechoonni kunneenis ergaa
barbaadame dabarsaa afaan muuziqaan sun ittiin dabrus gabbisuu fi itti fayyadama afaanichaa
babal‟isuu nidanda‟a.(Fedhasaan, 2013)
2.5. Faayidaa Muuziqaan Aartii Keessatti Qabu
Muziqaan gosoota aartii keessaa isa tokko . Muuziqaa aartii keessaa baasuun yookan aartii
muuziqa keessaa adda baasuun hindanda‟amu. Muuziqaan aartii miira dhala namaa towachuu
12

dhaan sadarkaa olaanaa irratti argamuu dha. Muuziqaan aartii nama gammachiisuu,
mufachiisuu ykn onnachiisuu danda‟u ta‟ee aartii kiilolummaa, rukuttaa manaa, yaa‟insa
sagalee fi sagalee meeshaalee muuziqaatiin deegaramee dhiyaatuu dha.Toora intarneetii,
(w.w.w.bartleby.com). 27/8/2012
Akka Susanne K. Langer jedhutti, aartiin dura deemtuu guddina ilma namaa hawaasaa fi
dhuunfati. Namni aartiitti fayyadamuu kan eegalee gaafa yaaduu eegale irraa jalqabeeti.
Yaannii aartii uumee, aartiin deebi‟ee yaada uumee, yaanni gudina uume, guddinni kun
muuziqaan dabaalamee jiruu fi jireenya ilma namaa fooyyesse jedha.Toora
interneetii,(www.researchgate.net.) (5/10/2012.)
Gosoota aartii jiran keessaa muuziqaan isa tokko ta‟ee walaloofi yeedaloo, meeshaalee
muuziqaa, jechoota filatamoo ofkeessaa qabaniin ergaaleen ciccimoon dabarfamuun
barbaadame kan ittiin dabruudha. Muuziqaan deeggaruufis ta‟ee mormuuf,quuqma hawaasaa
ibsuuf, gaddafi gammachuu namatti dhaga‟amu ibsuuf,injifannoofii galmagahiinsa ibsachuuf
,jaalalaafii jibba qabnu ittiin ibsachuuf gosoota aartii hunda caala human cimaa qaba
jechuudha. Akkasumas muuziqaan human isaa cimsachuu kan danda‟u walaloo sirbootatiin
deeggarameeti.
Walaloon muuziqaa ykn sirbaa meeshaa guddaa miira keessa namaa jiru ittiin ibsatan ta‟ee,
dhimmootni akka: jaalalaafi jibbaa, mul‟ataa fi abdii, Uumaafi uumamaa, bareedinaafi
fokkinaa, roorroofi dhiphuu jiruufi jirenya uummataa kessatti mul‟atan ittiin ibsaman akka
ta‟e (Finnegan, 1970) ibsiteerti. Kanaafuu walaloon muuziqaa jechoota filatamoo wal
madaalan kanneen ijattis ta‟ee gurratti miidhagina qabaniin kanqindaa‟uu fi dhimmoota
jireenya uummata kalaqee Sanaa kallattii addaa addaatiin kanibsuu bu‟uura aartiiti jechuun
nidanda‟ama.
Akkuma diraamaan aartii dame og-barruu ta‟ee, kan asoosaan arga yaadaa isaatti
fayyadamuun haala addunyaa dhugaa ittiin hubatetti: Seenaa, ijaargocha, yoomessa, taatota,
waldiddaa uumuun, yaada finiinsuufi kkf sammuu isaa keessaa kalaquun garagalcha ta‟iinsa
naannoo isaa kan gaarii ta‟es, kan gaarii hin taanes waltajjii inni qopheesse irratti kan
dhiyeessudhaan dhimma hawaasichaa kan dirree baasee ibsuu danda‟utti aartiin muuziqaas
dhimma kana hojii irra oolchuu nidanda‟a, (Birhaanuu Maatiyoos, 1999).
Uummnni osoo hin baratiin durallee miira keessa isaa jiru sirbaan ofkeessaa baasee ibsata ture
Sirbi walaloo jechootaa filatamoo yeedaloo fi sochii qaamaatiin walsimee meeshaalee garaa
13

garaatiin deeggaramee haala nama hawwatuufii hamilee nama keessatti uumuun aartii
meeshaalee muuziqaatiin dabaalamuun gara muuziqaatti jijjiiramee kan dhiyaatuudha. Sirbi
kun dhimma sirbamuuf, qaama sirbu, akkaataa ittiin sirbamuufi bakka itti sirbamu akkasumas
qabiyyee isaaniitiin garaagarummaa qabu. Kanaafuu sirbi meeshaalee muuziqaa kan aadaa fi
kanammayyaatiin dabaalamee muuziqa ta‟uun bifa qidaaween dhiyaata.
Hojii aartii keessatti muuziqaan sochii qaamaatiin deeggaramee kanqindaa‟uufi dhihaatu
ta‟uusaa, (Fekade, 1962) ibseera.
Haaluma armaan olitti ibsameen Baandiin Afran Qalloo aartii Oromoo keessatti qooda guddaa
qaba.Baandiin Afran Qalloo sirboota Oromoo afoola qofaan dhalootairraa dhalootatti dabraa
turan karaa barreeffama saayinsaawaa fi qindaawaa ta‟etti jijjiiruufii meeshaalee muuziqaatiin
dabaaluun sirboota kanneen gara muuziqaa ammayyaatti geeddaruun aartiin Oromoo akka ol-
ka‟u gochuu danda‟eera. Muuziqaaleen kunneenis, dhimmoota jaalalaa, diddaa gabrummaa,
jibbaa, gammachuu, hawwii jagnummaa tuffii, kabaja hojiifi kkf jechoota filatamoon
miidhagsee ummata isaa barsiisuufi dadammaqsuu keessatti bu‟aa guddaa buusee
jira.Hojiileen aartii Baandii Afran Qalloo hawwatoo, miidhagina guddaa kan qabuufi haala
jiruufii jireeny hawwasa Oromoo kan ibsan turan .Kanaafuu Baandiin Afran Qalloo guddina
aartii hawaasichaatiif gahee guddaa qaba jechuudha.
Walumaa galatti akkuma afaaniifii muuziqaan adda bahuu hindandeenye hundaa aartiifii
muuziqaanis adda bahanii dhaabbachuufii ergaa dabarsuu hindanda‟an. Sababni isaas
muuziqaan aartii keessa akkuma jiru aartiinis muuziqaa keessa waan jiruuf lamaan isaaniituu
fuula garaagaraa kan saantima tokko irra jiran jechuudha. Isaan lamaanuu wa-lutubuudhaan
iddoo ummatichi hin jirreetiillee ummatichaa bakka bu‟anii waayee ummata sanii
dubbataaf.Kitaabolee, muuziqaa, filmii, bobboca, ogfakkii fi kkf.ilaaluudhaan waayee
uummata sanaa gadi fageenyaan hubachuu nama dandeessisa.Haaluma kanaan Baandiin Afran
Qalloos karaa qindaa‟ina muuziqaafi qophiilee diraamaa adda addaa hojjatee uummataaf
dhiyeessuudhaan aartiin Oromoo akka olguddatu taasiseera.( Asafaa, 2009).
14

3. XIIN-MALA QORANNICHAA
3.1. Saxaxa Qorannichaa
Saxaxni qorannoo kanaa,qorannoo akkamtaati. Odeeffannooleen gara gareelee adda addaatti
qoodamuun kan jechaan qaacceffammanii dha. Sababiin isaas odeeffannoon kan funaanamee,
gurmaa‟eefi hiikame jechaan waan ta‟eefi. Gosti saxaxa qorannoo kanaas qorannoo
seenessaati.Sababni isaas dhimmi mata durichaa seenaa dabre irratti waan xiyyeeffatuufi.
Kunis mata dureen qorannoo kanaa seenaa Baandiin Afran Qalloo gumaacha afaan Oromoofi
aartii Oromoo irratti qabu maal akka tureefi adeemsa kana keessatti gufuuwwan baandicha
mudatan iddattoowwan mala iddatteessuu mit- carraan filataman irraa: af-gaaffii dhaan, marii
gareetiin, irraa funaaname keessaa ergaan ijoo mata durichaan wal qabatu keessaa filatamee
hiikni itti kennameera.
Akkasumas sakatta‟a harshammee irraa odeeffannoo mata-durichaan wal qabatu
funanuudhaan xiinxaluurratti kan hundaa'e hojii irra ooleera.Odeeffannoo funaaname
qaaccessuuf meeshaalee funaansa ragaalee, mala iddattoo filachuu, malli qindaa'inaafi malli
qaaccessa ragaalee ibsameera.
3.2. Madda Ragaalee
Maddi ragaalee qorannoo kanaa, Madda raga tokkoffaafi madda raga lammaffaati.Maddi raga
tokkoffaa qorannoo kanaa odeeffannoo kennitootni fuulaa fuulatti qorattuu wajjin walitti
dhufuun odeeffannoon funaanameeera.Sababni isaas maddi raga tokkoffaa odeeffannoo
kennitoota dhimmichi ilaallatuu fi qorattuun fuulaa fuulatti walitti dhufuudhaan odeeffannoo
wal-irraa fudhachuun dirqama waan ta‟eefi.Madda ragaa lammaffaa qorannoo kanaa immoo
barruulee haayyotaa kanneen mataduree qorannoo kanaatiin walitti dhufeenya qaban irraa
odeeffannoon funaanameera.Sababni isaas odeeffannoo madda raga tokkoffaa irraa argame
akka cimsuufi.
3.3. Idattoofi Mala Iddatteessu
3.3.1. Iddattoo
Iddattoowwan qorannoo kana keessatti hirmaatan, namoota magaalaa Dirree Dawaa keessa
waggoota dheeraa jiraachaa jiraniifii namoota dhimmicha irratti odeeffannoo gahaa qabanii
dha. Iddattoowwan kunneenis: Artistoota, magaalaa Dirree Dawaatiin ala jiraatan,
Maanguddoota, Dargaggoo tokko fi Dubartoota dhimma mataduree qorannoo kanaa irratti
15

hubannoo gadi fageenyaa qabanii dha. Sababni namoota magaalaa Dirree Dawaa keessa jiran
hunda hirmaachisuu hindandeenyeef immoo namootni hundinuu dhimma mata duree kanaa
irratti odeeffannoo gahaa qabaachuu dhabuu malu yaada jedhurraa ka‟uu dhaani.
3.3.2. Mala Iddatteessuu
Malli iddatteessuu qorannoo kanaa mala iddatteessuu miti-carraa akkayyootti. Sababiin malli
kun itti filatameef, iddattoowwan mala carraatiin waan hin filatamneefi. Kun kan ta‟eefis
namootni magaalaa Dirree Dawaa keessa jiraatan hundinuu dhimma kana irratti odeeffannoo
gahaa qabu jedhamee waan hinyaadamneefi.Kanaafuu, namoota waa‟ee mata-aduree
qorannichaarratti yookiin seenaa Baandii Afran Qalloo irratti odeeffannoo gahaa qaban
irraa ka‟uun namoota irra caalatti gad-fageenyaan hubannoo qaban qofa irraa odeeffannoon
sassaabameera.
3.4. Malleen Funaansa Ragaalee
Meeshaalee funaansa ragaalee kanneen jedhaman qorannoo tokko gaggeessuuf madden
odeeffannoo irraa ragaa kan ittiin funaanamanii dha. Haaluma kana irraa ka‟uun qorannoo
kanaaf meeshaalee funaansa ragaalee jiran keessaa: Af-gaaffii, marii gareefi Sakatta‟a
harshammeetti dhimma baahamaniiru. Sababni meeshaaleen funaansa ragaalee kunneen itti
filatamaniif odeeffannoon kan funaaname nama sadaffaa irraa waan ta‟eefi.
3.4.1 Af-gaaffii
Afgaaffiin meeshaalee funaansa ragaa tokkoffaa keessaa isa tokko yoo ta‟u, qorattuun
qaamaan fuulaa fuulatti oddeeffannoo kennitoota magaalaa Dirree Dawaa keessa waggoota
dheera jiraataniifi fi namoota dhimmicha irratti odeeffannoo gahaa qabu jedhamanii
yaadaman, Dhiirota afurii fi Dubarti tokko kanneen hubannoo gahaa qaban biratti argamuu
dhaan ragaan funaanameera. Akkasumas Artistoota lama waliin af-gaaffii bilbilaan taasifame
irraa odeeffannoon funanameera. Ragaa kan funaanames bifa „Afgaafii banaatiini.Sababni
isaas, namootni odeeffannoo kennan osoo hindhiphatiin yaada isaanii bal‟inaan dhiyeessuu
danda‟u jedhamee waan yaadamuufi.
3.4.2. Marii Garee
Mariin garee meeshaalee funaansa ragaa keessaa isa tokko yoo ta‟u, gareen tokko kan
dhimma tokko irratti marii taasisuu dha. Marii garee kana irratti kanneen hirmaatan:Dhiirota
afuriifii Dubartoota sadii turan. Walumaa galatti mariin garee qorannoo kanaa hirmaattota
torba kan of-keessaa qabuu dha.Namoota marii garee keessatti hirmaatan keessaa namootni
16

sadii afgaaffii irrattiis hirmaatanii jiru.Sababni adeemsi kun itti filatameefis, marii garee
keessatti hirmaattonni yaada ka‟uu qabu wal yaadachiisaa, Waan namni tokko osoo
hinkaasiin bira dabruuf ka‟e warren biro itti guutaa akka deemaniif kan gargaaru waan
ta‟eefi. Haaluma kanaan adeemsa marii-garee hojiirra oolchuuf namoota kuanneen irraa
seenaa Baandii Afran Qalloofi sadarkaa Afaan Aromoo fi Aartiin Oromoo har‟a irra gaheef
gumaachii Baandiin Afran Qalloo gumaachaa ture odeeffannoo marii garee kana irraa yaada
ijoo qabachuu dhaan hojii irra oolfameera.
3.4.3. Sakatta‟a Harshammee
Sakatta‟iinsi harshammee madda ragaa keessaa tokko.Qorannoo kana keessatti, meeshaalee
funaansa ragaa harshammee dimma itti bahaman, barreeffamoota adda addaa, gaazexaalee,
Baruulee fi af-gaaffii miidiyaaleen garaa garaa Aartistootaafii namoota dhimmichi ilaallatu
waliin taasisan irraa odeeffannoon fudhatameera.Barreefamoota waa‟ee Baandii Afran Qalloo,
fuula Interneetii irratti maxxanfaman fi barreeffamoota sirna mootumaa Hayila Sillaasee
keessatti waa‟ee afaanota Itoophiyaa kaasan akka qorannoo kanaan walsimu irraa
odeeffannoon fudhatameera.Walumaagalatti, sakatta‟a galmeewwan dhimmoota Afaanii fi
Aartii Oromootiin walqabatan barreeffamoota maxxanfamanis tahe hinmaxxanfamiin gama
garaagaraan sakkata‟amuun ilaalamaniiru, dhimma mata duree kanaan walitti dhiheenya kan
qabanis odeeffannoo irraa fudhatamuun hojii irra ooleera.
3.5. Mala Qaacceessa Ragaalee
Ragaalee karaa af-gaaffii, karaa marii garee funaanaman gara barreeffama qindaaweetti
jijjiiramaniiru.Sana booda ragaagaalee kunneen akka walitti dhufeenya qabaniin erga
qindaawanii booda hiikni itti kennameeraa. kunis: Gahee Baandii Afran Qalloo guddina Afaan
Oromoo keessatti, gahee Baandii Afran Qalloo guddina Aartii Oromoo keessattifi danqaalee
baandicha mudatanii turan ibsuun hiikni itti kennameera. Ragaaleen kunneen kan
qaacceffaman jechaani. Sababni isaas ragaaleen funaanaman kun lakkoofsaan ibsaman osoo
hin ta‟iin jechaan kan ibsaman waan ta‟aniifi. Kanaafuu qorattittiin ragaalee af-gaaffiifi marii
gareetti dhimma bahuun funaanaman akkasumas baruuleefi galmeelee garaa garaarraa
sakatta‟uun argaman gara barreeffama qindaawaatti jijjiiruun qindeessuufi gurmeessuun mala
qaaccessa qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ergaa isaanii irratti hundooftee qaaccesiteetti
17

3.6. Naamusa Qorannichaa


Ogummaan kamuu naamusa mataasaa akka qabu beekamaadha.Qorannooniis naamusa itti
gaggeeffamu qaba. Naamusa ittiin gaggeeffamu beekuuniis barbaachisaadha.Waa‟ee naamusa
qorannoo irratti Fileen (2016).yommu ibsu “Naamusa qorannoof xiyyeeffannoo kennuu
jechuun argannoofi bu‟aa qorannoo sanaaf xiyyeeffannoo kennuudha.”jedha. Kanaafuu
qorannoo gaggeeffamu tokko keessatti iccitii namoota odeeffannoo kennanii eeguufi
kabaja guddaa kennuufiin gahee qorattuu tokkoorraa eegamuudha.
Walumaagalatti qorattuun hawaasa qorannoon irratti gaggeeffamu bira yammuu geessu
qaama dhimmichi ilaallatuuf xalayaa deeggarsaa Yuunivaristii Haramaayaa irraa kennameef
agarsiifteetti. Kanaan booda yommuu qorannoo gaggeessitu hawaasa odeeffannoo kennuuf
ulfina kennuu, iccitii isaanii eeguuf waadaa galuufiin, aadaa fi raawwilee hawaasichi
raawwatu hordofuufi kabajuun, akkaataa isaan uffatanitti uffachuun, kabajaa kenniteefii
odeeffannoo gahaa funaannatteetti.
18

4.DHIYEESSAQAACCESSAA FI IBSA RAGAALEE


Seensa
Odeeffannoo meeshaalee funaansaaa afgaaffiifi marii garee namoota gaheen Baandii Afran
Qalloo guddinaa afaaniifii guddina aartii Oromoo keessatti qaban beekan kan iddattoof
filataman irraa funaannaman haala armaan gadiitti qaacceffamanii hiikni itti kennameera.
Ragawwaan mata-durichaan wal-qabatan guutummaan, sirrummaanfi qulqulinni isaanii
calalamee mirkanaa'ee hiikni itti kennamee jira. Ragaawwaan kaayyoo qorannichaatiin wal-
hinginne yookaan wal-hinqabaneefi hir'uu ta'an odeeffannoo kennuuf barbaachisummaan isaa
baay'ee yaraa ta'e calalamuun keessaa bahanii jiru.
Ragaaleen funaannaman mata duree adda addaa jalatti kurfeeffamanii ragaawwan argaman
bifa barreeffamaatiin qindaa'anii ibsamanii jiru. Bu'uuruma kanaan seenaa Baandii Afran
Qalloo gaheewwan Baandii Afran Qalloo guddina Afaan Oromoo keessatti, guddina aartii
Oromoo keessatti, adeemsa guddina afaaniifi aartii Oromoo dhugoomsuuf hojjachaa ture
keessatti dararamniifi danqaaleen Baandii Afran Qalloo irra gahaa turan akkasumas argannoo
fi yaboon walduraa duubaan akka ittiaanutti qaacceffamamanii jiru.
4.1.Qaaccessa Af-gaaffii, Marii Garee fi Sakkatta‟a Harshammee
4.1.1. Seenaa Baandii Afran Qalloo
Akka odeeffannoon qorannoo kanaa ibsutti Baandiin Afran Qalloo baandii saba Oromoo isa
umrii dheeraa qabuudha.Baandiin Afran Qalloo Sochiin Sirna Barruu fi Muuziqaa Arfan
Qalloo aartii uumata Oromoo ammayyeessuu fi afaan Oromoo bilisoomsuu keessatti qooda
duraa kan qabuu dha. Hundeefamuun Baandii Afran Qallooaan aadaa fi afaan Oromoo
beeksisuu irratti, seenaa uummatichi keessa dabre saaxiluu keessatti,qabsoo diddaa
gabrummaa keessatti, saba isaa dura dabarsee ofkennee afaan uummataa ta‟uudhaan, sirboota
garaagaraatti fayyadamuun miira uummata Oromoo hundatti dhagahamu calaqqisiisuu kan
danda‟ee dha. ( Seenessa Jaafar Alii,2009.)
Gama biraatiin Obbo Mhaammad Daamotaa (19/6/2012)fi Obbo Mahaammad Muussaa
Corree (26/6/2012) akka ibsanitti, Baandiin Afran Qalloo kan hundeeffame bara sirna
nafxanyaan uummata Oromoo dabalatee lammiileen garaagaraa akka garbaatti ilaalamuun
cunqurfamaa turan keessa hawaasni oromoo kan cunqursaa kanaaf jilbeeffachuu didee fi kan
garaa isaaniitiif hin bullee hundinuu yeroo ciisanis yeroo ka‟anis, yeroo taa‟anis , yeroo
19

deemanis,yaaduma kanaan dhama‟aa, har‟aaf osoo hin ta‟iin boruuf, anaaf ykn siif osoo hin
jedhiin dhalootaaf yaadan, kanneen gabrummaan itti ulfaate, Kaabaa Kibbaa Bahaa Dhihaa
finiinuu jalqaban.Isaan keessaayyis Oromoonni Bahaas qaamolee kanneen keessaa adda miti
turan.
Yeroon isaa Yeroo Mootiin Hayila Sillaasee, “Hayila Sillaasee, Leenca Moohaa Gosa
yihuudaa; Dursaa Mootii Mootota Itiyoophiyaa kan Rabbiin muude” jechuun ofii moggaafatee
sabna Oromoo akka lammii lammaffaatti ilaalaa ture.Yeroo sana keessatti dargaggootni
Oromoo Magaalaa Dirree Dawaa keessa jiraachaa turan „Baandiin Afran Qalloo‟ sirna
gabrummmaa Hayila Sillaassee kana mormuu fi aadaa, aartii fi afaan Oromoo guddisuuf
dhaabbatan. Baandiin Afran Qalloo tilmaamaan, bara, 1940‟oota keessa afooshaa
fakkeessuudhaan bu‟uura baandichaa hundeessan. Maqaa Afran Qalloo jedhus baandichaaf
moggaasan jedhama.Hidda jabeeffatee meeshaalee ammayyaa guuttahuudhaan akka baandiitti
guutuutti kan gurmaa‟e garuu akka lakkoofsa Habashaatti bara 1960‟oota keessa ture.
Maqaan Afran Qaloo jedhu kan moggaafameefis maqaa Oromoota Godina Hareargee Bahaa
keessa turan: Obarraa, Baabbilee, Dagaafi Ala kanneen jedhaman, ijoollee nama Qalloo
jedhamuun ture. Miseensonni kunneen moggaasa maqaa kanaatiif sababa mataa isaanii qabu.
Sababni moggssa maqaan „Afran Qalloo‟ jedhuu moggaafameef immoo: Yeroo sana keessa ,
nafxanyoonni sirna sana keessa turan saba Oromoo gad xiqqeessuu fi jibbinsa saba Oromoo
irraa qabaniin “Ya Harar Qottuu” fi Oromoota naannoo biraa jiraataniin immoo “Yashawaa
gaallaa” jechuun maqaa sabni oromoo hinmoggaafannee itti maxxansanii ittiin waamaa turan.
Hundeessitootni Baandii Afran Qalloos acuuccaafi jibbiinsa Afaan Oromoofi saba Oromoo
irra gahaa ture irratti namni tokko kophaa isaa bu‟aa buusuu akka hindandeenyee hubachuu
dhaan,”Yoo maalgoone acuuccaa kana keessa baana akkamitti dubbannee obbaafanna?”
jedhanii mala walgaafachuu dhaaf, Laga Haarree irraa hanga Ganda Qoreetti,Qafiiraairraa
hanga Kooneelitti,Qabrii Ijoolee irraa hanga Ganda Gaaraatti, wal-barbaaduu dhaan namuu
yaada isaa garaatti qabatee yaada yaadaan barbaachuudhaan sagalee saba Oromoo
ugguramteef afaan ta‟uuf soda tokko malee lubbuu isaanii qabsiisuun gabroomfataa irratti
qabsaa‟uu jalqaban.
Yeroo jalqabaaf kan walitti qabamuu dhaan Baandii osoo hinjedhiin waldaa walgargaarsa
afran qalloo jechuu dhaan afooshaa fakkeessuu dhaan baandicha hundeessanii turan.
20

Gareen aartistoota Baandii Afran Qalloos hawaasaa walitti qabaa, qindeessaa, walaleessaa,
yeedaleessaa, wallistoota, shubbistoota, taphattoota meeshaa muuziqaa, keeroogiraafaraa fi
kkf.dhimma isaan ilaallatuun gahee isaanii bahaa turan.Akkasumas, hojiin baandichaa
gaggeessuuf aartistootaa fi kanneen aartiin alaas hirmaannaa cimaa gochaa turan. Kanneen
keessaayyis qindeessitootniifii walitti qaboon: Abraahim Mussaa, Suleeyimaan Yuusuuf,
Usmaa‟el Galmoo, Haamiid Liban, Bakar Mahaammad, Bakar Hassan, Abraahiim Ussoo,
Mahaammad Daamotaa, Mahaammad Ibraahim Wadaay, Ibraahim mussoo, Abdusalaam Hajii
Mussaa, Mahaammad Umalee (beeta labiyat), Abubakar Muussaa, Abdoosh Lazmaanii fi kkf
turan. Kanneen walaloo fi yeedaloo qopheessan akkasumas akkaataa walaloon itti barreeffamu
kan qajeelchan keessaa immoo: Abubakar mussaa, Abdii Mahaammad Qophee, Sheek bakrii
Saaphaloo, Sheek Mahaammad Rashaad fi kfn.turan.
Kanneen sagalee dhaan wallisaaa turan immoo: Alii Birraa, Alii Shabboo, Abdii Siagarraan,
Mahaammad Yuusuuf, Sa‟id Kadir, Alii Tuchee, Yoonuus Abdullaahii fi kkf.yoo ta‟an,
shubbistootni immoo: Dubartoota keessaa Zahaaraa yuusuuf fi Ruqoo mussoo qofa turan.
Namoota qabeenyaan baandii afran qaloo yaadaanis qabeenyaanis kanneen gargaaraa turanii fi
boordii maallaqaa baandichaa turan keessaammoo kan akka: Mahaammad Ibraahiim Wadaay,
Usmaa‟el Galmoo, Abdusalaam Hajii Mussaa, Abdulaaziiz Orbilimaa (miseensa paarlaamaa
Hayila Sillaasee) kan turee dha. Aartisoota baandii kana keessa turan keessaa weellisaa Alii
Birraas umrii ijoollummaa isaatiin miseensa baandii kanaa ture jedhama.
4.2.Qaaccessa Af-gaaffii, Marii Garee fi Sakkatta‟a Harshammee
4.2.1.Gahee Baandii Afran Qalloo guddina Afaan Oromoo keessatti
Walitti dhufeenyi muuziqaafii afaaniitti yammuu ka‟u jalqabni muuziqaa hawaasaa jalqaba
afaan isaati jedhama. Muuziqaan qaama afaanii keessaa tokko ta‟ee ittidhagahamni hawaasaa
ifa bahee kan ittiin mul‟atuudha. Muuziqaa fi adeemsi guddina isaa miira: Gaddaa, rakkinaa,
aarii, mufannaa, mormii, walitti bu‟iinsa, galma gahiinsa,injifannoo, gammachuu,jaalalaa fi
hubannoo hawaasichaa irratti hundaa‟a, (Echeruo,1975).
Miirawwan asii olitti ibsaman kanneen galmaan gahuuf immoo afaaniifii muuziqaa adda
baasanii ilaaluun hindanda‟amu. Guddina afaan saba tokkoo keessatti muuziqaan bakka
olaanaa qaba. Akkasumas muuziqaan sun afaan ittiin adeemsifamuun adda bahee beekama.
Fakkeenyyaaf muuziqaa: Afaan „Inglizii‟, Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo jedhamuun adda
baha waan ta‟eef beekamtiin afaaniccha muuziqaan sun ittii gaggeeffamu sun nidabala
21

jechuudha.Muuziqaafii Afaan walbira qabnee yoo ilaallu, isaan lamaan keessaa tokko
jiraachuu baanaan inni biraas jiraachuufii guddachuu hin danda‟u. Haata‟u malee hawaasni
tokko muziqaatti fayyadamuun waan isatti dhagahamu ibsachuudhaaf afaan hawaasichaa
acuuccaa kam irraayyuu irraa yoo bilisa ta‟e qofa. Kana jechuun sirnoota nafxanyaa dabran
keessatti „Afaan Oromootiin,‟ „Afaan Qottuu‟ yoo barbaadan immoo „Afaan Gaallaa‟jechaanii
turaniiru.Haata‟u malee moggaasa kana geeddaruudhaan gara maqaa isa dhugaatiin muuziqaa
Afaan Oromoo jechisiisuun kan ifa baase Baandii Afran Qallooti.
Akka dargaggoo Kadir Abdii, (27/6/2012) ibsetti, Mootummootni sirna Nafxanyaa gaggeessaa
turan jibbinsa saba Oromoo irraa qabaniin kan ka‟e, dhiibbaa fi acuuccaa daangaa hinqabnen
aadaa, Afaanii fi Aartii Oromoo irraan gahaa waan turaniif, afaan isaa afaan barreeffamaa
ta‟ee akka tajaajiluu fi Aartii isaa akka ittiin guddifatu carraa hin arganne ture. Barreeffamuu
dhiifnaanaan ittin dubbachuun, ittiin sirbuu, ittiin dhaadachuun, waluumaagalatti Afaan
Oromootti dhimma bahuun akka yakkaatti ilaalamaa ture. Akkasumas Sirniifi imaammanni
baroota dabran keessa ture sirna gita bittaafi abbaa humnaa, kan lafa isaatiifi qabeenyuma isaa
saamuuf saba Oromoo shakkuufi jibbuun eenyummaa isaallee jalaa saamuuf carraaqaa
ture.Sirnichis kaayyoo fi karoora isaa galmaan ga‟uuf “amantaa tokkicha, alaabaa tokkicha,
afaan tokkokkicha fi biyya tokkicha!” falaasama jedhu qabatee socho‟aa ture. Baandiin Afran
Qalloo diibbaa afaanicha irra gahaa ture sana irratti qabsaa‟uu dhaan yeroo jalqabaatiif
muuziqaalee, diraamaalee Afaan Oromootiin qindeessee karaa ammayyaaween waltajjii irratti
dhiyeessuu danda‟eera.Baandiin Afran Qalloo Afaan Oromoo sadarkaa har‟a gaheef
gumaacha adda addaa gumaacheera. Gumaachawwan kanneen keessa muraasni isaanii akka
armaan gadiitti ibsamaniiru.
4.2.1.1.Moggaasni , „Qottuu‟ jedhu, hojii akka ta‟e hubachiisuu
Akka odeeffannoo kennitootni eeranitti, Oromootni Baandii Afran Qalloo kana hundeessan
moggaasa sirni nafxanyaa „Gaalinyaa‟; „Qottinyaa‟jechuu dhaan itti maxxanse haquu dhaan
afaan saba Oromoo, Afaan Oromoo ta‟uu isaafii moggaasni „Qottuu‟ jedhummoo hojii qonnaa
kan agarsiisu malee afaan akka bakka hin buune sirbaanis diraamaa dhaanis qindeessanii
waltajjii garaagaraa irratti dhiyeessuu dhaan hawaasaaf hubannoo kennaa turan. Akkasumas,
„muuziqaa AfaanOromoo jechisiisuu danda‟niiru. Af-gaaffii Alfiyaan, Suleeymaan waliin
gootetti, (2000) irraa akka fudhatametti,Baandiin Afran Qalloo maqaan, „Afaan Qottuu‟ jedhu
Afaan Oromoo akka bakka hinbuuneefi jechi „Qottuu‟ jedhu qotee bulaa akka ibsuufii qotee
22

bultummaan immoo kan kabajaa kennisiisu malee kan nama tuffachiisu akka hin taane
uummata hubachiisuuf, sirba armaan gadii Sheek Bakrii Saaphalootiin Walaloo fi yeedaloon
itti bahee, dura wallisaa fi waloo Abubakar Muussaatiin itti aansee immoo wallistuu Halloo
daawweetiin akka armaan gadiitti wallifame.
Fakkeenya 1.Gariin ilma namaa yaada gabaabbataa
Qottuu jechuu se‟a aarrabatti fudhataa
Waa arrabaa mitii maqaa tarkaanfataa
Ummanni wabaree qonnadhaan dhadataa
Dafqumaisaa nyachuuf hojiidhaan bututaa
Hojjetee mullisee bilchesse oomishaatee
Dinagdee olkaasuf qutuudha hidhatee
Halkanillee hirafuu hojidhaan bututee
Akkasumaan namni itti dhaadate
Roorroo keessa darbe yoom irranfatee.Yeroo sanatti warrumti Oromoo
ta‟aniyyuu sabni kee maali yoo jedhaman maqaadhuma jarri keenneeniif qottuu ofiin jechaa
tureefii warra qottuu „saba‟ afaan qottuu immoo afaan sabichaa se‟anii fudhataniif qottuu
jechuun akka saba hin taaneefii hojii misoomaa raawwachuu akka ta‟e warra dhimmi
ilaallatuuf dabarsanii turan.
4.2.1.2. Sabni Oromoo Afaan Oromootti akka dhimma bahu gochuu
Akka Obbo Mahaammad Daamotaa,(19/6/2012) himanitti Sirni mootummaa nafxanyaa yeroo
sanaa keessatti Afaan Oromootti fayyadamuu akka yakkatti ilaala waan tureef
hundeessitootnii fi miseensonni muuziqaa Baandii Afran Qalloo‟ kaayoo‟ tokko kaawwatan
kaayoon kunis mana walgahii itti gaggeessan bakka amma Qabirii ijoollee jedhamu keessatti
dhokatanii Afaan Oromootiin wallisaa turan. Yaroo sanatti miseensota isaanii keessaa namni
tokkolleen mana sana keessatti afaan Oromootiin ala afaan Arabaa, Afaan Amaaraa, Afaan
Somaalee, Afaan Adaree fi kkf. walitti makanii yoo dubbatan gola mana sanaa keessatti itti
cufuudhaan hidhanii oolchanii bulchu turan.
Akkasumas wallee isaa akka copha bishaanii suu..ta nama seenee akka salphaatti nama keessa
hinbaaneen ummatatti cophsaa uummanni akka aadaa isaafii afaan isaa hin dagannee jechoota
filatamoo dhaan miidhagsanii qiqindeessanii gurratti qicaa waan turaniif keessaayyuu
Oromootni Godinaalee Harargee Oromoota godinaalee Oromiyaa kamiiyyuu caala afaan
23

isaaniitiif kabajaa olaanaa akka horatan taasisee jira. Akkasumas, Ummanni Oromoo bakka
baandiin kun itti hundeeffameefi naannoo isaa jiraachaa turan haala fedhe keessatti, bakka
fedhetti, abbaa fedhe biratti afaan isaaniitti dhimma bahu. Akkasumas, sabaafii sablammootni
dhalootaan Oromoo hinta‟iin baay‟een isaanii Afaan Oromoo akka afaan jalqabaatti
fayyadamu.Sabni Oromoo, kanneen biyya keessa jiraatanis ta‟ee kanneen biyya alaa jiran
daa‟imni isaanii afaan biraa osoo hin bariin dura afaan Oromoo barsiifatu. Kanaafuu ijoolleen
isaanii biyyoota Awurooppaa keessa jiraatan Oromiyaa yoodeeman akka gaariitti waliigaluu
danda‟u jechuudha. Afaan Oromoo akka afaanota biraatiin hinliqimfamne gochuufis haarsaa
baay‟ee kafaleera.Ummanni Oromoo akka aadaa isaafi afaan isaatti hinqaanofneefi akka
sabboonummaa isaa cimsatu muuziqaa armaan gadiitiin ibsaniifii turan jedhama.
Fakkeenya. 2. Saddeeta hidhachuun bar eenyummaa kiyyaa,
Afaan kootiin sirbuun sabboonummaa kiyaa,
Shaggooyyee taphachuun, aadaa sabatiimii,
Hayyama hin feeyisisuu, afaan kan ofiimii,
Yoo galuufii baate walleen itti himii,
Bakka walleen jirtus, Afran qalloo geeyissii,
Qooqa hinquufamnen, gurra isaatti obaaysi.
Muuziqaa kana irraa immoo waanti hubatamuu danda‟u, afaan ofii dubbachuun yakka akka
hin taane namuu sidhorkuufii siif hayyamuu akka hindandeenye fi aadaan Oromoo maal akka
fakkaatu jechaan suuressee kaahaa ture.Uffannaan dubartoota Oromoo Harargee Saddeeta
ta‟uu taphni isaanii shaggooyyee ta‟uu ibsuudhaan, namoota dhugummaa yaada kanaa
amanuu didaniif immoo madda burqaan aadaafii Afaan Oromoo kallattiin itti mul‟achuu
danda‟u Baandii Afran Qalloo waan ta‟eef achi dhaquun hubachuun akka danda‟amuufii
muuziqaan baandii afran qaloo galma guddiftuu aartiifi Afaan Oromoo ta‟uu isaa sirriitti ibsa
jechuudaha. Muuziqaan Baandii Afran Qalloo, Bariisaa, (1968) irraa fudhatamee mata duree
kana cimsu akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Fakkeenya.3.Osoon Afaan qabuu Afaan koo wallaalee
Aaadaa koo tuffadheen kan Ormaa malee
Eenyummaa koo gateen Orma duukaa gale
Walaloo muuziqaa kana irraa waanti hubatamu Afaan Oromoo akkuma afaanota kaanii guutuu
kan ta‟eefii aadaa fi dhimma hawaasichaa ibsuu kan danda‟u ta‟ee osoo jiruu diibbaa
24

afaanicha irra gahaa tureen uummatni Oromoo afaan isaa tuffatee akka afaan Ormaatti
dhimma bahu godhamaa waan tureef uummatni dammaqee aadaafii afaan isaa kabajee akka
itti fayyadamu dhaamsa kan dbarsuudha.
4.2.1.3.Ummata Oromoo Afaan Oromootiin barsiisuu
Akka Obbo Mahaammad Daamotaa (19/6/2012) fi Dargaggoo Kadir Abdii,(27/6/2012)
himanitti, Baandiin Afran Qalloo godinaalee Harargee kallatti hundaan magaalaafii baadiyyaa
keesa miilaan deemuun kafaltii fi nuffiifi dadhabbi tokko malee, tola ooltummaa dhaan
hawaasa Oromoo barsiisuuf qophii muuziqaafi sagantaalee adda addaa dhiyeessuu dhaan
bashanna keessa barsiisaa ture. Hojii bal‟inaan Baandiin Afran Qalloo kun hojjachaa ture irraa
kan ka‟es Godinaalee Harargee kaassatti looga Afaan Oromoo Harargee akka wal-fakkaatu
taasiseera. Akkasumas Baandiin Afran Qalloo bara 1960‟oota keessatti Mootummaan Dargii
hawaasa baadiyyaa barnoota bu‟uuraa‟ Masarata Timhirt‟ barsiisuu osoo hin jalqabiin durallee
Baandii Afran Qalloo magaalotaafi baadiyyaa keessa deemuun uummata Oromoo afaan isaa
galuun Afaan Oromootiin barsiisaa tureera.Ummatichaaf waan ibsuu barbaades bifa
muuziqaafi bifa diraamaatiin jechota mimmiidhagoo dhaan fayyadamuun ibsaa ummata
dadammaqsaa barsiisaa turuudhaan hojii seenaan hindaganne hojjatee jira.Akkas
jechuudhaanis uummatni akka barnootaaf ka‟u gochaa tureera.
Fakkeenya. 4. A, B, jennee kaanaa
Kanumaan calqabnaa
Afaanuma keenyaan
Katabnee dubbifinaa
Barachaa Barsiisfina
Qubeedhaan calqabnaa
4.2.1.4. Seera“Simaa Balawu” (Dhagahi jedhiin)jedhu xiqqeessuu
Akka Obbo Mahaammad Daamotaa, (19/6/2012) fi Obbo Mahaammad Muussaa Corree,
(26/6/2012) eeranitti, yeroo sirna mootummaa H/Sillaasee keessatti uummatni Oromoo Afaan
Oromootiin dubbachuun mootummaa sana akka malee tuffachuutti lakkaawama ture.Sabni
Oromoo tokko biyyuma itti dhalatee guddatetti namoota biro waliin Afaan Oromoo
dubbachuu dhiifnaan maatii isaa wajjinilee akka garaa isaatti Afaan Oromootti dhimma
hinbahu ture. Akkasumas himatamanii buufata poolisiis ta‟ee mana murtii yoo deeman „Simaa
balawu” jedhamee Afaan Amaaraatiin turjumaanni dhaabbateefi namni turjumaanaaf
25

dhaabbate sun Oromoo yoo ta‟ellee, Oromoo dhaaf Afaan Amaaraatiin dhimma isaa ibsata
malee afaanichatti fayyadamuun gonkumaa hin yaadamu ture. Haata‟u malee miseensotni
baandichaa Afaan Oromootti fayyadamuu isaanii qofaaf buufata poolisii yammuu geeffaman
afaan biraa beekanis beekuu baatanis hanga fedhan yoo tumamanillee Afaan Oromootiin ala
dhagahuufis ta‟ee deebii kennuuf hinhayyaman waan turaniif poolisiin Afaan Oromoo
dubbachuu danda‟u kallattumaan dhimma isaanii ibsaaf ture jedhama. Haaluma kanaan
ummataafis hubannoo kennuu dhaan, “Namni turjumaana isiniif ta‟u waan isin hinjenne
jechuu dhaan yakka isin hinhojjanne keessa isin galchuu dhaan isin heesisuu danda‟u
kanaafuu kallattumaan Afaan Oromootiin yoo isin dubbisuu baatan turjumaanaan
hindubbatiinaa. , „simaa balawu‟ yoo isiniin jedhan cichaa didaa!” jechuun uummata barsiisaa
wan turaniif uummatni Oromoos Afaan Oromootiin malee himachuus himatamuus didee
ture.Sababa kanaaf dararamni akka malee uummata Oromoo irra gahulle ummanni akka
afaansaa kabajuufi akka kallattiidhaan fayyadamuu qabu Baandiin Afran Qalloo dhiibbaa saba
Oromoofii afaan isaa irratti godhamaa ture diduudhan uummatas diduu barsiise.Akkasumas
akkas jechuu dhaan muuziqaadhaanis ibsaafii ture jedhama.
Fakkeenya.5.Nigodaanna irraa kaanee Nafxanyaa hidhamoo dhaa
Gariin guddaan isaanii hattuu kijiboodhaa
Takkaa hin agarre hindhageenye
Nama akka saanii dhiboodhaa
Biyya diiniin xilaataa Dinne torba eeboo dhaa.
Kijiba sirra kaayuu nije‟e je‟anii
Daymaqi lammii koo jalaa hindeeyibisiinii
Badii hindalayinneen sitti hinmurteessiini
Muuziqaa kana irraa waanti hubatamu,dhiibbaa sirna Nafxanyaa irraa kan ka‟e Oromootni
yeroo sanaa afaan tokko qofaan akka walii galan godhamaa turaniiru. Kanaafuu warri afaan
isaanii akka hinfayyadamne dhorkaman kunneen yammuu „simaa balawun‟ yaada isaanii
ibsatan, warri afaanicha gara Afaan Amaaraatti hiikan waan himatamaan hinjenne jechuu
dhaan yakka isaan hinhojjanne itti maxxansuu akka danda‟u ibsuufii dhaan, soda sanaatiin
uummanni Oromoo akka turjumaana didu jajjabeessa.Sababa kanaan uummatni „simaa
balawu‟waan dideef, “Innazzii ishii ayilum “ jechuu dhaan kallattii dhumaan nama Afaan
Oromootiin isaan dubbisu dhiyeessuuf turan jedhama.
26

4.2.1.5. Afaan Oromootiin walaloo, diraamaafi beeksisa barreessuu


Akka Dargaggoo Kadir Abdii, (27/6/2012) dubbatutti, Baandiin Afran Qalloo,
dandeettiiwwan afaanii bu‟uuraa keessaa Afaan Oromoo dandeettii dhaggeeffachuufii
dubbachuu qofa kan turan irratti dabaluun dandeettiiwwan bu‟uuraa dubbisuufii barreessuutti
ol guddisee jira.Kana jechuunis walaloo sirboota adda addaa, diraamaa mata duree „abbaa
lafaafii ciisanyaa‟ jedhu afaan Oromootiin barressuun itti fayyadamaa ture.
Barreeffamni kun jalqabuun duratti miseensotni baandii kanaa baay‟een isaanii kan barnoota
hinqabne ta‟aniyyuu, nama qubee barate caala sammuu isaanii keessatti walaloo fi yeedaloo
qopheessuun muuziqaa ajaa‟ibaa qindeessanii dhiyeessu turan. Haaluma kanaan Abubakar
Muussaa, Sheek bakrii saaphaloo fi barataan isaanii Sheek Mahaammad Rashaad kanneen
jedhaman akkaataa walaloon Afaan Oromoo itti barreeffamuufii yeedaloon itti yeedaleeffamu
beekumsa uumamaa isaanii irratti dabalatanii qubee saabaa fi qubee arabaatiinillee ta‟us,
Afaan Oromootiin walaloo muuziqaafi diraamaa barreessuu akka danda‟an shaakalchiisaa
turan jedhama.Shakala Afaan Oromootiin barreessu kanatti mootummaan akka malee aaruu
dhaan akka Afaan Oromootiin hinbarreessine dhorkaa waan tureef akka armaan gadiitti
wallisanii turran.
Fakkeenya.6. Ijji lamaan kuulaa, yaa ilillii birraa,
Osoo naan asoyittee, siwaliinin ooyilaa,
Bareedduu hundarraa, eeyissumatti, wal- garraa,
Silaa wajji ooyillee, waliin barrisuu barraa.
Akkuma armaan olitti ibsametti sirna Nafxanyaa keessatti Afaan Oromootiin dubbachuus
ta‟ee barreessuun yakka waan tureef uummanni Oromoo osoo gurmaa‟ee mari‟atee
dubbachuu bira dabree Afaan Oromootiin barreessuu baruu akka danda‟u ibsa jechuudha.
Mootummaan sirna nafxanyaa yeroo sanaa qubee Saabaatiin alatti qubee biraatiin Afaan
Oromoos ta‟ee afaanota biraa barreessuu kan hinayyamame waan tureef, Lobootni Oromoo
amantii Kiristiyaanaa hordofan mootummaa dhoksuu dhaan qubee Laatiiniitiin Afaan Oromoo
barreessanii uummataaf wangeela lallabaa turanillee, dabballootni mootummaa yeroo sanaa
gocha kana bira gahuu dhaan, “Mootummaa keenya bulchaa gaarii waan ta‟eef namni
kamiyyuu amantii fedhe akka hodofu mirga akka kenneef nibeekama. Haata‟u malee Afaan
Amaaraa dhiisuu dhaan, qubee Laatiiniittti fayyadamuu dhaan „Afaan Gaallaatiin‟ waa‟ee
amantii barreessuun isaanii baay‟ee nama mufachiisa” (Negarit Gazata, 1926 ALI) kan jedhu
27

yaada jibbiinsa Afaan Orommoo sirriitti calaqqisiisu maxxansuu dhaan namoota yeroo sana
Afaan Oromootiin uummata barsiisaa turan hamileen isaanii akka gadi cabu gochaa turan.
Sirna Nafxanyaa sana keessatti haalli saba Oromoo bakka hundaa jiraatanii, haala Luboota
kiristiyaana yeroo sanaa mudataa turen kan wal fakkaatu waan tureef ,Baandiin Afran Qalloo
diibbaa mootummaan Afaan Oromoo irratti gochaa ture kana hunda mormuu dhaan qubeen
Afaan Oromootiif nimijaawa jedhamee yaadame hundeessaafii miseensa Baandii Afran Qaloo
kan ta‟an Sheek Bakrii Saaphalootiin bocamee ture. Akka odeeffannoo kennitootni
dubbatanitti, sababni qubeen kun bocamuuf yaalame qubeewwan afaanota biraatiif
qophaawan walaloowwan muuziqaa Afaan Oromoos ta‟ee barreeffamoota biroo afaan
Oromootiin barreeffaman ergaa isaanii guutuumaa guutuutti ibsuu waan hindandeenyeef
rakkoo kana hiikuuf jecha qubeewwan barreeffama Afaan Oromoo barreessuuf mijaawoo
ta‟an haarawaa aangawoota mootummaa dhoksuudhaan qopheessee ture. Haata‟u malee
mootummaan qubee Afaan Oromoo Baandii Afran Qallootiin became san bira gahuu dhaan
qubicha waan uggureef walaloowwan muraasaafi kitaaba „Shaaldaa‟ jedhamu qofti akka ittiin
barreeffame himamee jira. Yaadni yeroo sana Baandii Afran Qallootiin bu‟uureffamee
„qubeen saabaa‟ egaa Afaan Oromoo guutuutti ibsuu akka hindandeenye ittiin barreessee
hubatee waan tureefi. Haaluma kanaan yaaliin Baandiin Afran Qalloo boca qubee Afaan
Oromoo uumuuf godhe dhugoomuu baatullee, „Qubeen Laatiinii‟ akka qubee Afaan Oromoo
bakka bu‟uu ta‟ee ittiin hojjatamuu danda'eera.
4.2.1.6. Afaan Oromoo afaan saba-himaalee gochuu
Seenaan hundeeffama odeeffannoo waljijjiiruu seenaa dhala namaatiin wal-qabata. Osoo
miidiyaaleen ammayyaa hin uumamiin dura hawaasni odeeffanoo waliif dabarsaa kan ture,
karaa:Afoolaa,sirbaa, geerarsaa, hiibboo, malleen dubbii,sheekkoo ,hamii, jette jettee fi
bobboca harkaatiin ture. Uummatni Oromoos karaalee armaan olitti ibsamaniin ergaa waliif
dabarsaa ture. Gara miidiyaa ammayyaatti yoo dhufne sirnoota mootummaa nafxayaa dabran
keessatti afaanotni akka Afaan Oromoo dubbattoota baay‟ee hinqabne afaan miidiyaa
yammuu ta‟an turan. Haata‟u malee, Ummanni Oromoo afaan isaatiin: aadaa isaa, seenaa isaa,
duudhaafi kkf.akka hincalaqisiisneef Mootummaan sirna nafxanyaa,sun olola sobaa,“Afaan
Oromoo „Raadiyoo‟ cabsa!” (Mekuria, 1997.) jechuudhaan afaanicha ukkaamsaa ture.
Akkasumas, biyyattii kanaaf „Afaan Amaaraa‟ malee afaanotni biraa mijaawoo akka
hintaane,”Nuti Itoophiyaanotni Tigroonni, Amaarotni,Oromootni, Guuzootni, Somaalotni,
28

Affaarotni walumaa galatti kan dachii Itiyoophiyaa irratti dhalatee, dhiiga, dammaafii aannan,
fooniifii firii ishii soorachuudhaan jiraattan hundinuu looga koo isa bu‟uuraa „Gi‟iizii fi Afaan
Amaaraa beekuufi itti fayyadamuun dirqama keessani” (Addis Zaman, 1949) jechuu dhaan,
karaa maxxansa gaazexaatiin akeekkachiisaa turan. Yeroo sanatti, namni Afaan Amaaraa
hinbeekne akka doofaatti, akka nama biyya isaa hinjaalateetti akka ilaalamuufi akka afaan
isaatti qana‟uu fi gad-aantummaan itti dhagahamuuf dhiibbaa hanga hinqabne irratti gochaa
turaniiru.
Artistii Yoonus Abdullaahii,(24/6/2012) ibsutti, Uummatni Oromoo Afaan Oromootti akka
hinfayyadane karaa hundaan ugguramaa ture. Haata‟u malee Baandiin Aran Qalloos dhiibbaa
mootummaa sana irratti qabsaa‟uu keessatti gufuuleen adda addaa dabaree dabareen itti
gegeeddaramuu dhaan akka Afaan Oromootti dhimma hinbane dararamni itti ammaatee
biyyaa ari‟amullee mootummaa Somaaliyaatti madaquudhaan erga hayyama argateen booda
sirboota Afaan Oromoo Moqaadishoo irraa akka qilleensa irra oolu taasisee Afaan Oromoo
raadiyoo cabsa jedhamee, hawaasumti Oromoollee itti amanaa ture sana soba ta‟uu
dhugoomsuudhaan qixuma afaan bioo hawwataafii ergaa guutuu dabarsuu danda‟uu isaa
akkasumas kan raadiyoo cabsu osoo hin ta‟iin kan sagantaa raadiyoo miidhagsu ta‟uu isaa
Saganta Raadiyoo Afaan Oromootiin bara 1962 ALItti Moqadishootti jalqabuun maalummaa
Afaan Oromoo ifa baase.Yeroo sanatti Oromoo ta‟ee kan Raadiyoo hinbitanne hinjiru ture.
Kan Raadiyoo hinqabne immoo ooyruu namaa qotee muuziqaalee fi ergaalee Afaan
Oromootiin dabran dhaggeeffata ture jedhama.
Sirboonni Baandii Afran Qalloo kaleessaa sun kan har‟a dhagahamanii boru hinirraanfatamne,
kan har‟a mirqaansanii boru hin nuffisiifne, Osoo hinfedhiin kan qaamaafii qalbii namaa
booji‟uu danda‟an, kan dhimma dhuunfaa odeessan osoo hinta‟iin kanmiira Oromoota maraa
qirqiduu danda‟aniifi bara irraa baratti fulla‟oo turan.Ummanni biyya kessaas xalayaa
Moqaadishootti ergachuu dhaan sirba wal afeeruufii warri gaa‟ila raawwatanis sirbichaan
kallattiidhumaan akka dabaalamaan gochuun itti bashannanuu eegalanii turan.
Haala kanaan mootichis waangodhu wallaalee jennaan filannoo kana wayya jechuudhaan
waggaa sadan Raaiyoon Moqaadishoo itti hundeeffameen booda, bara 1965 ALItti sa‟aa
sagantaan Afaan Oromoo Moqaadishoo irraa dabru irratti sagantaan Raadiyoo Afaan Oromoo
sa‟aa walfakkaatutti Harar irratti sagantaa Afaan Oromootiin akka tamsaasa eegalu godhe.
Miseensonni Baandii Afran Qallookanneen biyya keessa jiran baay‟ee gammadanii baay‟ee
29

cimuufi onnachuu dhaan akka mootichi yaadeen ala, haala to‟achuuf nama rakkisuun fulla‟ee
sagantaalee mimmiidhagoo ta‟aniifi wallee dhagahamee hin quufamne dhangalaasuu
eegallaan mootummaa yeroo sanaa garaan gubatee, Barreessaa fi yeedaleessaa walaloo
sirboota Afran Qalloo kan ture Abubakar Muussaa Dirree Dawaa keessaa baasuu dhaan
sagantaa Raadiyoo Harar irraa dabru irratti gaggeessaa sagantichaa akka ta‟u godhe.
Abubakaris gammachuun guutamee hojii isaa irratti argamuu dhaan sagantaalee
mimmiidhagoo uummatni irraatti hirmaachuu danda‟uu fi afaanicha sadarkaa guddinaatti
geessuu danda‟uufii kan afaanicha gabbisuu danda‟u dhiyeessuu dhaan ummata keessatti
gammacha guddaa gochaa ture. Abubakar haaluma kanaan uummata Oromoofii kanneen
afaan kanaaf jaalala qabaniif sagantaa,”Takka waliin haa kofalluu?” jedhu keessatti, hiibboo,
mammaaksaafi sagantaalee biroo miidhagsee dhiyeessuu dhaan, onnee isaanii fudhate
bashanansiisaa barsiisaa ture. Akkasumas sagantaa raadiyoo „Takka kutte gundoo, takka hafte
guddoo, himanii hinfixanii, birumaa lixanii.” Kan jedhu irra keessa kan hiibboo fakkaatu bifa
gaaffiitiin qopheesse uummataaf dabarsaa ture. Haaluma kanaan Afaan Oromoo, saba
Oromoo biratti dhiifnaan Sabaafi sablammoota biro birattillee akka jaallatamu gochuun
dubbattootniifii dhaggeeffatootni dubbattootni Afaan Oromoo akka baay‟atan gochuu
danda‟eera.
Akkasumas Afaan Oromoo afaan saba-himaalee ta‟uu isaa irraa kan ka‟es, gaazexeessitootni
dandeettii cimaa qaban as bahuu dhaan Afaan Oromoo miidhagsuu dhaan dhiyeessaa kan
turan hanga har‟aatti gurra uummataa keessa jiran kan akka Suleeyimaan Yuusuuf, Jaafar
Aliifii Alfiyaa Hajii Afaan Oromoo mi‟eessituu itti firfirsuudhaan yammuu dhiyeessaa
turanitti warri Afaan Oromoo hin beeknellee turjumaanaan dhaggeeffatanii kolfaan dhumaa
turan.Gocha mootummaan Afaan Oromoo akka afaan midiyaa hintaane dhorkaa turuu isaas
Baandiin Afran Qalloo muuziqaa isaatiin akka armaan gadiitti ibse ture.
Fakkeenya.7. Afaan Orma kanii tolcheetu dubbataa,
Ka isaatin wajji Radiyoo naqataa ,
Odoo taf! je‟anii ka'anii tolchanii lolanii,
Injifannoo sanii adaafi afaan ofii cimsanii.
Xalaatni cacccabee batatee dhabamaa,
Hulaan cuccufame martinuutu banamaa.
30

Muuziqaa kana irraa waanti hubatamu,uummatni Oromoo acuuccaa isa irra gahu irraan kan
ka‟e afaan isaatiin dubbachuu dhorkamee afaan biraa afaan dubbii ta‟uu bira dabree afaan
miidiyaa taasisuutti loogiin jiraachuu isaa ibsuu dhaan saba Oromoo yeroo sanatti,
caccabseellee ta‟u Afaan Amaaraatiin dhimma bahaa tureef, atis afaan bareedaa Afaan
Oromoo kan ergaa guutuu siif dabarsuu danda‟u niqabdaa soda ofirraa dhiisuun afaan keetti
fayyadamuuf qabsaa‟uu akka qabu hubachiisa.
4.2.1.7.Ittifayyadama Afaan Oromoo babal‟isuun afaanicha gabbisuu
Ittifayyadama afaanii ilaalchisee galmeen jechootaa, “Longman Dictionary of Language
Teaching and Applied Linguistics‟ jedhamu akka ibsutti, Fayyadamni afaanii haala itti afaan
barreeffamaan yookiin dubbiin tajaajiluudha.Caasaan afaanii, caasaa himaa, filannoo
jechootaafi akkaataa jechoonni yookiin gaaleen bifa ifa ta‟een tajaajilani jedha.
Faayidaanbabal‟achuu itti fayyadamni afaanii: ergaa dabarsuu barbaadan miidhagsanii haala
qalbii namaa booji‟uun dhiyeessuuf, qubee afaan afaan tokko ibsuu danda‟u bocuuf, caasaa
afaanichaa qindeessuuf,afaan tokko kan bakka garaagaraatti dubbatamu waaltessuuf,
kitaabolee barnootaa qopheessuuf, asoosamaa, „iskiriiptii‟ diraamaa barreessuuf, beeksisaalee
adda addaa jechoota hawwatoon dhiyeessuufi kkf.niif baay‟ee barbaachisaa dha.
Itti fayyadama afaanii keessaa itti fayyadamni jechootaa isa tokko. Jechi tokko akkaataa
barreeffama keessatti tajaajiluun hiika tokkoofi tokkoo ol qabaachuu danda‟a. Darajjeen,
(2007).irratti akka ibsanitti, Jechoonni akkaataa barreeffama keessatti tajaajilaniin fayyadama
sirrii, Fayyadama ifaa, fayyadama barbaachisaa yookiin sirrii hintaane jennee qooduu
dandeenya jedha. Kanaafuu hikni jechootaa muuziqaa keessatti dhiimma ibsuun barbaadame
sana irratti hundaa‟u jechuu dha.
Kanaafuu jechi akkaataan nuti barreeffama keessatti itti gargaaramnu ergaa dabarsu irratti
murteessadha.Jechootni bifa qindaa‟ina qabaniifi iftoomina qabaniin barreeffama keessati itti
gargaaramnaan ergaan dabarfamuu barbaadame gufuu tokko malee akka galma gahu gargaaru.
Birahanuu Gabayyoo,(2003) jechootaafi hiika jechootaa akka ibsanitti immoo, hiikni jecha
tokkoo akkaataa galumsaan ergaa tokko yookiin tokkoo olii agarsiisuu danda‟a. Sababa
kanaaf hiikaa jechootaa yoo xiqqaate bakka lamatti qooduun ni danda‟ama. Isaanis: hiika
kallattiifi hiika dhokataa dha.jechuun, ibsaniiru. Akka Obbo Maahaammad
Daamotaa,(19/6/2012 jedhanittis, Baandiin Afran Qalloo jechoota hiikkaa kallattiitiin
fayyadamullee yeroo baay‟ee jechoota hiikkaa dhokataa qabanitti fayyadamaa ture jedhama.
31

4.2.1.8. Jechootaa Afaan Oromoo kallattiifi al-kallattiitti fayyadamuu


Karaa hiika Kallattii Hiika kallattii kan jedhamu, hiika kallattumaan jechi sun hawaasa
keessatti baratame, kan dubbattoonni afaanichaa guyyaa guyyaa itti fayyadaman hiika
murtaa‟aa jechi sun ooluuf kan sammuu namootaa hundaa biratti beekamaa ta‟e
dha.‟Waraabessa‟ yoo jenne, bineessa bosonaa kan miila afur qabu, kan yuusu jechuudha.
Hiika sirrii galme jechootaa keessaa argachuun nidanda‟ama. Akka Adde Zahaaraa Yuusuuf,
(18/6/2012)fi Yuuba Abdumaaliik Yoonus, (28/6/2012) ibsanitti, Baandii Afran Qalloos
Wlaloo muuziqaa jechoota hiika kallattiitti qabanitti fayyadamuu dhaan haala uummataaf
galuun acuuccaa afaanii fi jireenya irra gahaa ture ifatti ibsuufiidhaan, akka afaan isaatti
fayyadamuu qabu akkasumas miidhaa isa irra gahaa jiru akka mormuu qabu ifatti ibsaafii
tureera.
Fakkeenya.8.Tooftaan tee dulloomtee humni tee
Kuftee, taa‟anii nyaachuun hafee,
Hammaa har‟aantanaa tooftaa sobaa uumtee
Ummata saamudhaan lafa waliqabattee,
Qonnaan bulaa roorroon dhamaaftee,
Osoo hintaraarre calla saffarachuun
Coomaa jaji‟achuun,
Dammaa dhadhaa nyaachuun,
Hooda kaleessa darbe dafqa malee jiraachuun
Hamma haraan tanaa hiyyeessa saamtanii
Dafqa malee sadoo barraaqxanii
Asirratti raawwatti faraqaan teessanii
Yaa abbaa lafaa badii tee yoom filate
Maal si wayya amma si bariitee?
Jechoota walaloo armaan olii keessa jiran yoo fudhanee hiikni isaanii ifa waan jiruuf iccitii
isaa hubachuun nama hin rakkisu walaloon kun gochaa abbaan lafaa raawwachaa ture ibsuun
haalii sun amma jijjiiramuu isaatiin aangoon isaanii waan irraa mulqameef akka duraa sana
ta‟uu gonkumaa akka hin dandeenye kallattumaan itti hime jechuudha.
Fakkeenya.9. Na dhagahi lammii koo, na dhagahi fira koo,
Wal-hin beeknu malee bar nuyi foon tokkoo,
32

Akka firii mukaa nu faffacaasanii,


Mee walitti qabamaa bakkuma jirtanii
Walaloo armaan olii keessatti akkatti firiin mukaa bakkuma argetti waantota adda addaatiin
fuudhamee akka faffaca‟u namni hundi waan beekuuf Oromoonni hangam akka bakkaa
bakkatti facaafaman firii mukaa ibsame irraa ka‟uun tilmaamuun nama hin dhibu jechuudha.
Kanaafuu faca‟iinsa namootaafii faca‟iinsa firii kallattumaan wal-fakkeeffamee dhiyaate.
Fakkeenya.10.Bilisummaan aannanii nama beekutu dhugaa,
Kan bilisummaa hin beeknnee ifirra taa‟ee mugaa.
Baasa hinjirree nuutti as baasani,
Haqa keenyaa addaan facaasani.
Dachee keessan masinoo keessan
Kan irra taa‟u adawwii kessani
Maa callistanii teessanii?
Yaada armaan olii yammuu ilaalluu gabrummaa bilisummaa, amala aannanii guutumaa
guutuutti bilisummaadhaaf kennuudhaan namni faayidaa aannanii beeku hundinuu faayidaan
bilisummaa maal akka ta‟e salphumatti kallattiidhumaan hubachuu danda‟a jechuudha.
Kanaafuu namni tokko qabsaa‟uudhaan, haqa isaa, dachii isaa, fi masinoo isa adawwii isaa
harkaa deebifatee bilisummaa argachuuf akka dammaquu qabu akeekkachiisa
Fakkeenya.11. Boruun fe‟amtee ati gangee moo gaalaa?
If idaatee mana Dasetaa zigaalaa
Boruu ka‟i waan sadii dhabuun sigeeyisse
Isii dhabuun yoo namaatii gubaalaa
Afaan Oromo, Dachi fi Amantii sidhabsiise
Azaabaa wayya bala sirraa buutee caalaa.
Walaloo armaan gadii keessatti miidhaan boruu irratti fe‟amee ture gaangeefii gaalaan
madaalamee kallattumaan ibsamee jira. Akkasumas waantota bineessa irraa adda nama
baasan kanneen akka: afaan, amantii fi dachii isaa namicha dastaa jedhamuun dhabuun
isaa kan baay‟ee nama gubu ta‟uu isaa ol ukukkubsee dhiyeessee jira. Rakkinni Boruu
irra gahuu angam suukanneessa akka ta‟e ibsuu dhaaf immoo „azaabaan‟ wal-
madaalchisee kaa‟e. Kunis dhalli nama amantii isaa keessatti namni cubbuu hojjate
azaaba yookaan gubannaa wal-irraa hincinnetu isa mudata jedhamee waan yaadamuuf,
33

azaaba akka malee akka sodaatuu ifatti nibeekkama. Kanaafuu miidhaan isa irra gahaa
jiru hangam ulfaataa akka ta‟e hubachiisuuf, „azaaba wayya‟ yammuu jedhamu
miidhaan sun hangam sukanneessaafii sodaachisaa kan namni lubbuu qabu baachuu
hin dandeenye ta‟uu isaa sammuu namaa keessatti mul‟isuu danda‟a jechuu dha.
Karaa hiika Dhokataa Hiikni dhokataan hiika waliigalaa jecha tokkoof kennamu.Walitti
dhufeenya jecha dubbatamuu yookaan barreeffamuu tokkoofi hubannoo namni tokko jechicha
sanaaf qaburratti xiyyeeffata.Hawaasni afaan tokko dubbatu yaada dhuunfaatiin walmakeefi
muuxannoo qabu waliin walqabsiisee jechootaaf hiika adda addaa kennuu danda‟a.
Birahanuu Gabayyoo,(2003) akka ibsanitti, hiikni sirriin tokko hiika isaa bal‟isuun haala adda
addaa keessatti yoo tajaajile hiikni dabalataa kun hiika dhokataa jedhama. Akka Adde
Zahaaraa Yuusuuf, (18/6/2012), Obbo Mahaammad Daamotaa, (19/6/2012), fi hirmaattotni
marii garee, (29/6/2012) ibsanitti, Baandiin Afran Qalloo yeroo baay‟ee hiika jechootaa isa
dhokataatti dhimma bahuu dhaan ergaa uummata biraan gahuu barbaadan karaa hiika
dhokataatiin dabarfataa tureera. Hiikni dhokataan kunis kanhubatamuu danda‟u haala
galuumsaa irratti hundaa‟uu dhaan ergaa barbaadame ibsa. Haaluma kanaan muuziqaa
jechoota hiika dhokataa qabanitti fayyadamuun ergaa barbadame hawaasaf dabarsaa turun
Afaan Oromoo afaan karaa hundaanuu yaada gabbataa dabarsuu danda‟uu isaa ifatti baasuu
danda‟eera.
Fakkeenya.12. Yogguu tokko roobaa
Yogguu tokko aduu
Nin deema osomaan si yaadu
Roobe lafti gannaa
Essa duraa sennaa
Nu lachuu dhabannee halaala wal-eeyinna
Ergaan muuziqaa armaan olii dhuguma waa‟ee roobaa fi gannaa haasawa osoo hin ta‟iin hiika
dhokaataa dhaan rakkina tokko yammuu dabarsan rakkinni inni biraa isaan mudachaa waan
tureef rakkina kana keessaa bahuuf furmaata dhabnee callifnee taa‟uutti jirra yaada jedhu
ibsa.Kana jechuunis mootummaan dabres akkamalee uummata gidirsaa turuu isaafii rakkina
tokko yammuu dandamatan rakkina biraairraan gahuu isaanii hubachiisuu danda‟a.
Fakkenya.13.Waraaboo nurraa bu‟ee, qeeyirransi nurrabahuu,
Bineessi bineessumaa tokkolleen, waa naanahuu,
34

Nyaadhamuun kiyya hin oolu, dheeyissus waa jalaa hinbahu.


Re‟ee koof loowwan kan koo, goda keessa ari‟ee,
Gadoochuu dhaan waraaboo nyaachaa ture.
Kan dhiiga xuuxu dhufee, qeeyirransatu natti dabree.
Qabeenya koo duguuguun, isaan lachuu tokkumaa,
Wal-irraa wayyaa hinqabuu, bineeyissi beneeyissuma.
Jechoota muuziqaa armaan olii keessa jiran yoo fudhanne jechoota hiikkaa dhokatoo
qabaniidha. Jechootni kunneenis waraaboo, qeerransa, dhiiga xuuxuufi bineessa kanneen
jedhaman walaloo kana keessaatti kan dhiyaatan hiikkaa isaanii isa kallattii osoo hin ta‟iin
hiika isaanii isa dhokataadhaani. As irraatti waanti hubatamuu waa‟ee qeerransaafii
waraabessaa osoo hin ta‟iin, mootummaaleen dabraniifi kan yeroo isaan keessa jiranii sun
sirni ittiin bulmaata isaanii irree agarsiifachuu qofaan dabaree dabareedhaan ummatatti
dabruun haaluma walfakkaatuun hacuucaa turuu isaaniifi amala wal-fakkaataa qabaachuu
isaanii agarsiisa
Fakkeenya. 14. Ayyaana koo bade moo hiree kiyyaatu jallate
Foon kootu nalagatee alagaa jallate
Walaloo armaan olii keessatti jechi „foon‟ jedhu waa‟ee foon isa gosa nyaataa ibsa osoo hin
ta‟iin firti koo najibbee alagaa filate kan jedu ta‟ee, faayidaa adda addaatiif jecha gostiti
gosuma isaa ganuu isaa ibsa.
Fakkeenya.15. Allaattiin Dirree Dawaa “Foon malee lafee hinnyaatiinaa.“jetti
Magaalleen biyya kanaa,”Namalee kabiraa hin jaallatiinaa.” jetti
Rigaa naamuri rigaa naamuri rigaa naamuri rigaa
Rigaakee namararee naamuri rigaa naamuri rigaa
Naamurii rigaa namuri rigaa rigaakee namarare
Duruu naamuruu bartee nindhufa samiirra bararee
Yaadni armaan olii kan ibsa ammalli namaa allaattiif kennamee jira. Haata‟u malee dhuguma
allaattiitu dubbate osoo hin ta‟iin wallisaan allaattiitti fayyadamuun mootummaaleen sirnoota
dabranii yaada koo hordoftan malee kan keessan fudhatama hinqabu ummataan jecha turan.
Akkasumas wari Oromoo ta‟anii garaadhaaf bulan of safeeffa dhaa; Namni maal naan jedhaa
beekaa kan jedhu fi mootummaan yeroo sanaa ilaalcha isa malee namoota ilaalcha biraa qaban
35

deeggaruu akka hin hayyamne ibsa. Haala kanaan haala dafee hubatamuu hin dandeenyeen
hiika dhokaadhaan ergaa cimaa dabarsa.
Fakkeenya.16. Bishaan Addis Ababaa yaagalaana guutuu nadabarsi,
Hinduunee nan gaggabee koottu shaashiin naahafarsi.
Silaa shaggariin bahaa shaggaritti kooraa fannisanii
Silaa sibiraan rafaa sibira ijoollee raffisanii
Ijoolleen hin dubbattuu shurrubbaa lash gootee nadhuggattuu
Awash nama hin ceesisuu, yaadni hiriyaa nama hinraffisuu
Askoottu lagairratti ,zamanni ammaatee nagayaatti
Walaloo kana keessatti kan itti aasawamaa jiru „bishaan Addis Ababaati‟ haata‟u malee
bishaan,“tole sihin dabarsa” ykn immoo “lakkii sihi hindabarsu”, “tole shaashii dhaanan
sihafarsa” yookaan immoo, “lakkii si hihafarsu” yookaan immoo, “nabira rafi.” yookaan, Ana
bira hin raftu.” jechuun gaafataa saniif deebii kennuu hindanda‟u. Akkasumas dhuguma
bishaanitti haasawame osoo hin ta‟iin irra keessa bishaan fakkeessuu dhaan mootummaan
teessoo isaa Addis Aababa godhachuudhaan bakka hundattuu keessaayyuu uummata Oromoo
bahafi gala dhorkuu isaa fi miseensota Baandii Afran Qalloo Mootummaan yeroo garaa
garaatti miidhaan hamaan iraan gahee facaasuu yaaluswaan lafa irraa dhabame fakkaatus akka
suuta suutaan riphee qabsoo isaa itti fufaa ture mul‟isuuf hinduune nangaggabe jechuun ergaa
isaa Mootumma Addis Ababaa sanaf karaa hikkaa al-kallattiiiin ibsa.kanatti fayyadamee ergaa
isaa dabarsee ture jedhama
Fakkeenya. 17. Jimaan waa qaalawee ooyiruudhaa funaannaa,
Ba‟aa lafa keenyee maallaqaan galannaa
Garaabaa isaa gannee axeerara‟a isaa feenaa.
Walaloo armaan olii axeeraara‟a isaa kan jedhuu ibsuu kan barbaade hiika isa ifa jiuunii miti.
Akkasumas,waa‟ee jimaa haasawaa waan jiruuf qaala‟iinsa jimaafii ija jimaa keessaa
funaananii itti fayyadamuudhaan isa faayidaa hinqabne garaabaa ykn isa hinqama‟amne gatuu
akka qaban waan ibsu fakkaata malee, yaadni ibsuun barbaadame immoo, waa‟ee axeereeraa
jimaa haasawa osoo hin taane Atsee H/sillaasee akka rarra‟ee du‟u, akka dhabamuu
barbaanna yaada jedhu ibsa jechuudha.
Fakkeenya.18. Shaggee akkam gootaa seenaan bar dhalootaa
Ani duula deemuu kiyyaa maal natti dhaammattaa
36

Ibidda sidaamaa afuuffaan way dhaamaa?


Bosonatti galeen dhaamsa sitti dhaama.
Walaloo armaan olii keessatti yaadni, „dhaamsan sitti dhaama‟ kan jedhu ibsuu kan barbaade
wa‟ee dhaamuu ibiddaa osoo hin ta‟iin, Ani qabsoo dhaaf bosonatti galuuf waanan deemuuf
ergaa Ati raawwachuu qabdu immookallattiin siqabsiisa ykn ergaan siif dabarsa jedhuu dha.
Fakkeenya.19. Yaa Mootii biyya keenyaa yaa Hayila Sillaasee,
Xaaliyaaniin isin garraan dheefkaan dhukkee kaaysee,
Isintu ulee malee oliif gad nuyaasee
Arbaa wala‟arraa isinitu najaa nubaayse,
Rabbiin nuhi jaallataa, kan isin nubadhaayse
Yaadni walaloo kana keessatti ibsamuun barbaadame irra keessa dhuggaa haafakkaatu malee,
kan ibsuu barbaade karaa faallaa ta‟een ibseera. Sababni isaas, yeroo sanatti Mootichi
Xaaliyaanii sodaachise ari‟e, akkasumas Mootichi rakkina keessaa isaan baasee, uleen osoo
hintumiin bilisaan bobba‟anii galu danda‟uu isaanii, motummaa sana rabbiin waan isaaniif
muudeef gammachuu isaanii ibsatan osoo hin ta‟iin ergaan dabarfamuu barbaade faallaa
isaatiin akka inni Xaaliyanota baqatee biyya alaa dokatee ture namuuyyuu ni beeka ture.
Akkasumas mootichi isaan bilisoomsee rakkina heddu keessaa isaan baase osoo hin ta‟iin
uummata Oromoo akkamalee dararaa turuu isaas namuu waan beekuufuu Rabbi isa uumuu
nibalaaleffatu turan malee faarsuu hinqaban ture. Haata‟u malee, ergaan walaloo kanaa
mootichaaf galuu baatullee hawaasni Oromoo haala walalichi itti dhiyaate sana nihubata ture.
Walumaa galattiaf-gaaffii, marii gareefi sakkatta‟a harshammee irraa ragaaleen argaman
ibsanitti Afaan Oromoo afaan hojii afaan barnootaa, afaan saba himaalee, afaan aartii, afaan
barreeffamaa taasisuu dhaan, Afaan Oromoo kallattiifii al-kallattiidhaan ergaalee ciccimoo
dabarsuu danda‟uu isaa mootummaa fi uummatatti agarsiisuu dhaan hojii boonsaa Baandiin
Afran Qalloo raawwateen Afaan Oromoo tuffatamaa, jibbamaa, akka ergaa guutuu
hindabarsinetti lakka‟amaa ture sun sadarkaa har‟a gahe irra gahuu dhaan biyya irra dabruu
dhaan addunyaatti akka dhagahamuufii akka beekamu taasisuudhaan itti fayyadamtootni
Afaan Oromoo akka baay‟atan gochuu danda‟eera
37

4.3.Qaaccessa Af-gaaffii, Marii Garee fi Sakkatta‟a Harshammee


4.3.1 GaheeBaandiin Afran Qalloo Guddina Aartii Oromoo Keessatti
Akka Aartistii Yoonuus Abdullaahii,(24/6/2012) ibsutti,Yernoon Baandiin Afran Qalloo
Aartii Oromoo hojii irra oolchuu jalqabe yeroo sirni nafxanyaa qaroominni dhufuu
kandanda‟u karaa waliigaltees ta‟ee karaa barreeffamaatiin uummatni hundinuu Afaan
Amaaraatiin fayyadamuu yoo danda‟e qofa ta‟uu akka qabu akeekkachiisa wajjin labsaaa
turetti. Akka fakkeenyi sakkatta‟a harshammee irraa argame ibsuttis,“ Qaroomina biyya
Itiyoophiyaa keessa galchuun kan danda‟amu, qaroominaafii kalaqaale adda addaa kanneen
gaazexaaleefii baruulee irratti barreeffaman dubbisuu dhaan, inni tokko isa biraa iraa adda
durummaa akkamii akka qabu beekuufii hubachuu dhaan hordofuun kan danda‟amu afaanota
biyya keessaa baay‟ee isaanii walitti cuunfuu dhaan afaan bu‟uuraa tokkoon(Afaan
Amaaraatiin) ogganamuun walitti dhufeenya cimaa yoo qabaate qofa” Seera Mootummaa
Itiyoophiyaa, (1949.K.15/J)kan jedhu ture. Haaluma kanaan sabaafii sablammoottni biyyattii
kalaqa sammuu isaanii afaan isaaniitiin baasanii hojjachuun yakka ture jechuudha.
Haata‟u malee akka odeeffannoo kennitootni himanitti, Baandiin Afran Qalloo labsii
sodaachisaa qabu kana cabsuu dhaan Aartii Oromoo Afaan Oromootiin hojjachuu dhaan
uummata isaatiif bu‟aa boonsaa buusee jia.Walaloolee isaa dhaga‟amanii hinquufamneen
miira keessa uummataa Afaan Oromootiin afaan uummatichaaf galuun ibsaafi gocha
mootummaa admalee ta‟e aartiin aguugaa ibsuun hojiilee baay‟e ojjatee ure.
Walaloon fi yeedaloon muuziqaa damee aartii keessaa isa tokko ta‟ee, salphaatti sammuutti
yaadatamee suuressuu dhaan afaaniin ykn barreeffamaan dhaloota irraa dhalootatti kan darbu
dha. Walaloon jechoota mimmiidhagoo Sammuutti qabatamuufi yaadatamu kankalaqa adda
ta‟een qindaa‟u ta‟uu isaa (Eshete, 2008) ibseera.
Akka Artistii Adam Haaruun, (23/6/2012)fi Aristii Yoonuus Abdullaahii,(24/6/2012) ibsanitti,
Oromoo akka hinguddannee fi ifa hin baane taasifamaa turullee akkuma aartii warra kaanii
uummanni Oromoo baroota dheeraa dura jalqabuu dhaan yaada isaa aartii duudhaatiin
dabarfataa ture. Haata‟u malee garaa garummaan aartiin Oromoo aartii warra biro irraa adda
ta‟uun, aartiin Oromoo barreeffamaan osoo hin ta‟iin sirboota aadaa fi bobboca harkaatiin
dhaloota irraa dhalootatti afaanii fi qalbeeffannaa qofaan baroota dheeraaf dabruu isaaniitiini.
Sababni isaas acuuccaa Afaan Oromoo irraa gahaa tureen gad kan hintaaneen ukkaamfamaa
turuun isaa ni himama. Ukkaamsaa aartii Oromoo kanairratti qabsaa‟uun aartiin Oromoo
38

ukkaamsaa kana cabsee bahuu akka danda‟ufi sadarkaa har‟a irra gahee ijaaruuf Baandiin
Afran Qalloo adda dureedha jedhu. Gaheewaan Baandiin Afran Qalloo guddina argaa
dhageetti Aartii Oromootiif gumaache keessaa muraasa isaanii akka armaan gadiitti dhiyaatu.
4.3.1.1. Qabiyyeewwan adda addaa walaleessuufi yeedaleessuu
Baandiin Afran Qalloo walaloowwan sirboota afaan Oromoo walaleessuufii yeedaleessuu
akkasumas ammayaawina muuziqaa keessatti isa angafa jedhu. Haaluma kanaan
walaloowwan heddu walaleessuu, yeedaleessuu fi qindeessuu dhaan qabiyyee addaa addaatiin
dhiyeessaa turuu dhaan Afaan Oromoofi aartiin Oromoo sadarkaa har‟a gahe irra gahuu
isaatiif Baandiin Afran Qalloo qooda guddaa keessaa qaba. Aakka Adde Zahaaraa Yuusuuf,
(18/6/2012), hirmaattotni marii garee, (29/6/2012) ibsanittii, Qabiyyeewwan muuziqaa
Baandii Afran Qalloo keessaa fudhataman muraasni isaanii akka armaan gadiitti taa‟anii jiru.
Qabiyyee jaaalalaa Namootni waan isaan qunnamee fi waan fedhan miira isaanitti
dhagahamu sirba jaalalaatiin ibsu. Jaalalli kunis kallattii hundaan jechuun Bahaa, Dhihaa,
kaabaa fi Kibbaan walumaa galatti sadarkaa addunyaatti kan aartiin ibsamu dha. Kan
jaalatamus:Saba ,biyya, hiriyaa, goota, hayyuu, haadha, obboleeyyan, jaalallee fi kkf.ta‟uu
danda‟u.Garaa gartummaan isaanii haalaa fi sadarkaa ittiin jaalala ibsanii dha.
Fakkeenya 20. Koottuu yaa ilillii ansiifan wallisaa
Jaalala keetiitu kophaa nadubisaa
Utaaltee yoo hin dhufne ofirraan callisaa.
Kan walleen kun wallifameef ililliidhaan fakkeefamtee ishiifis akka wallisaa jiru itti himuun
ishiinis haala walfakkaatuun yoo deebii kennuufii baatte humnaatti osoo hindirqisiisiin mirga
nama wallifameef sanaa eeguu dhaan akka ittiin oodu ibsaaf. As keessatti safuun fi duudhaan
Oromoollee akka wal-kabajuu of-keessaa qabu agarsiisa
Fakkeenya.21. Ani oggayyuu suman yaada
Ati rafaa bultaa irriba mi‟aawaa,
Ani irriba dahabee naahimimee dawaa dawaa.
Imimmaanii sittuu taate,
Garaan yaaddoo itti dhiite.
Gororri kee bar zamzamii,
Akkam jirta mee naaf himi.
39

Walleen kun jaalalli nama wallifameefii hangam akka itti cimee irriba dorkee ibsuudhaan kan
jaallatame immoo yaaddoo tokko malee akka jiraachuutti jiruufi dawaa irribaa akka
barbaaduuf ibsaaf jechuudha. .
Fakkeenya.22. Kophaakoo nadhiiftee ati deemuuf kaanaan,
Dubbachuun dadhabee ati naan dubbannaan
Sin barbaada hogguu gad hinhinteenye takkaa,
Baallama naaf qabii eeyissattan siharkaa
Hinyaadinii hinyaadinii yaanni namaan badaa,
Maal akkana yaaddaa, silaa siinin badaa
Walleen armaan olii hanga har‟aatti gurra namaa keessa jiran Abubakar Muussaatii
walaleeffamanii yeedaleeffaman kun irra keessa yoo ilaalaman namootni wallisaan
wallee kanaa jaalallee isaa dhabee barbaacha ishiitiif hangam akka ifaajjaa jiru
agarsiisa. Karaa biraatiin immoo warra qabsoodhaaf jecha manaafi maatii isaanii
dhiisanii manaa bahaniis niilaallata.
Fakkeenya.23. Askoottuu asiin jiraa, Harargee Habroo walakkaan jiraa,
Askoottuu asiin jiraa, qallayyoo mudhiin foyaa migiraa.
Yaa giiftii bareedinaa, yaashaggaa bareeyidina boojitu,
Bareedinni kee falfalaa, kan akkan namaraachitu,
Sijaalleen qalbii dhabee, nindhufa jattee nan hinjajjabeeyissituu?,
Si harkachuu wayyaa, iddajaalalaan namaraachitu.
Bishaan shaggaroo gubbaa, na obaasi deeyimma itti bulbulii,
Yaa dammoo afaan deeyimmaa, na fudhuu Dirreedhaatti naan gali.
Wallee armaan olitti barreeffame kana jalqaba irratti Baandii Afran Qallootiin kan wallifame
tta‟ullee bara irraa baratti fulla‟uudhaan wallistoota garaa garaatiin wallifamee jira. Walaloo
kana keessatti muciyyoo jaallatamtee ukukkubuufi suuressuun: mudhii foyaa migiraa,giiftii
bareedinaa,boojituu bareedinaa, bareedinni ishii falfala, maraachituu ,afaandammaa jechuun
Aartii dhaan faayee akkaataa ishii madaaleefii jalalli ishiidhaaf qabu hangam akka ta‟e ibsa.
Qbiyyee barnootaa barnootni bu‟uura milkaayinaa waan qabuuf uummatni ilaalcha gad-
aanaa barnoota irratti qabu jijjiiruudhaan akka ijoollee isaa barsiifatuuf qabiyyee kanaan
dabarsaafii turan. Aartistii Adam Haaruun, (23/6/2012),fi akka Af-gaaffii OTV Artistii Alii
40

Birraa,( 2007) waliin godhe irraa fudhatamanitti, muuziqaaleen barbaachisummaa barnootaa


ibsan akka armaan gadiitti taa‟anii jiru.
Fakkeenya.24.Toftaan jiruu namaa burqaan dagaaginaa,
Ulaan isaa barnootaa saaqaa ifirraa banaa.
Barnootatti ka‟aa kan daandii guddinaa
Karaa isin garsiisii qileedhaa isin baasaa
Barnootatti cimaa dhandhamaa firii isaa
Muuziqaa armaan olii irraa waannti hubachuu dandeenyu jiruu namaa keessatti gama
beekumsaatiinis ta‟ee gama diinagdeetiin barnootni baay‟ee barbaachisaa akka ta‟e
rakkinni hundinuu barnootaan furamuu akka danda‟uibsa.
Fakkeenya.25. Barnoota barnoota, ammas barnootaa
Kana ta‟uu qaba, kaayyoon oromootaa.
Barnootni dhugaadhaa, ofirraa eegalaa
Aadaa hubachiisee, seenaa nixinxaalaa
Of-tuffii balleessee, hamilee kufte kaasaa
Ija jaame bane, sammuu bilisoomsaa
Walaloon olitti dhiyaatekun ummanni Oromoo gidiraa isa irra gahu qolachuu,
beekumsa roga hundaan argachuu kan qabu yoo baratee waa hubate qofa waan ta‟eef
rakkina akkamii keessallee yoo jiraate karoora isaa keessaa barnootni isa duraa akka
ta‟u dhaamsa dabarsa.
Qabiyyee Guddina Afaanii fi Aadaa Walaloon muuziqaa Baandii Arfan Qalloo kan
irratti xiyyeefatukeessaa tokko guddina Aadaa fi Afaan Oromoo irratti.Afaan Oromoo
balleesuuf shira xaxamuaa ture sirba isaanin calaqisiisaniiru, dagaagina afaanichaatiifs
dhamma‟aniiru.Tokkumma sabichaa sirba isaaniin walitti hidhuuf hedduu hojetaniiru.
Fakkeenya.26. Ijollee Arfan Qallo dardaran amanttanaa
Ka‟aa hirribarraa kootaa wal barannaa
Kootaa nitaphannaa wallee amaantanaa
Wallee Afaan teenyaa, ibsa eenyummaa keenya
Isaan jijjiratanii nuti immoo niteenyaa?
Dardarri isin duraa wallisee dabarsee
Callisuu keessanii ana ka nana arsee.
41

Abadan hin callisu, Ammaan wallisu


Amman galash godhu, warra amma walisu
Walleen kun xiiqii afaanicha guddisuuf qabu agarsiiseera.Akka wallisaa kanaatti afaanota biro
wajjin walbira qabnee yoo ilaallu ammayaa‟ini muuziqaan Oromoo boodatti hafaa ta‟ee turuu
isaa ibsa. Dhaloonni darbe hanga tokko tataafatullee dargagoonni har‟aa homaa hojetaaakka
hinjirre ibsa. Baandiin Arfan Qalloos kanuma bu‟ura godhachuun waan hundeefameef
dargaggootni biroolleen isaan cinaa dhaabbachuun aadaa fi afaan isaanii akka guddisan
dhaamsa dabarsa.
Qabiyyee Tokkummaa fi DammaqinaaAkka ilaalcha Baandii Arfan Qallootti uummanni
akka Oromoo baay‟ina qabu, Seenaa guddaa, Aadaa bali‟aa fi Sirna adda ta‟e
dimookraatawaan bulaa qabaatullee tokkummaa dhabuun isaatiin acuuccaan garaa garaa akka
isa irra gahaa tureefii acuuccaa diinaa kanaaf kan haala mijeesses tokkummaa dhabuu isaafii
tokkummaan humna akka ta‟e beeksisuudhaan tokkummaan uummata Oromoo akka cimee itti
fufu karaa addaa addaatiin barsiisaa turan.
Fakkeenya.27. Barbaannee wal barraa Walirraa barannaa
Yeroo isaatu har‟aa Wajjin tarkaanfannaa
Kan bahaa kan dhihaa kan dhidhima boroo
Irree tokkoon kaanee haawal barru dhiiroo
Nutuu walwallaallee meemaaluma tarraa
Xiqqaa guddaa keenyaanilmi biyyaa maraa
Oromoottan marruu ilmaan haadha takkaa
Gargar duuluun laalaamee way akkaa
Walaloo armaan olii irraa waanti hubatamu ilman Oromoo martinuu yaada tokkoon socho‟uu
akka qabufi Oromootni hundinuu walitti dhiyaachuudhaan wal dhaggeeffatanii waliin
mari‟atanii gamtaadhaan qabsaa‟uu akka qabaniifi kutaafii amantiidhaan walqooduun sirrii
akka hin taane ibsa.
Fakkeenya.28. Tasfaayeen amaaraa, dhiiga kee hinse‟iinii,
Sitaphata malee, sifuudha hinse‟iinii,
Yammuu naan ja‟anii way amanen turee
Way badaawummaa koo, jibbaan moggaa goree.
Amantii fi maqaan, foon kiyya adawwii godhee,
42

Sin jaalle naan jennaan, kofleen gangaladhee.


Maanguddoottin himaa waanan isa godhe,
Naaf haagaafatanii amma yoonafuudhe,
Dhiifaman gaafadhaa, yoo hoofii naaf godhe.
Maqaa isaati malee, bar inni Oromoodhaa,
Wal wallaalle malee, edaa nuuyi qomoodha.
Muuziqaan Baandii Afran Qalloo armaan olii kan ibsa, Sirnoota dabran keessa Saba Oromoo
kutaafii amantii dhaan qooduu dhaan akka hingamtoomne hojii cimaa hojjachaa turan.
Uummatni Oromoo immoo amantiifi maqaadhaan garaagarummaa yoo qabaatanillee
Oromuummaa qofaan akka tokkoomuu qaban dhaamuuf ture.
Fakkeenya.29. Na dhagahi lammii koo, na dhagahi fira koo,
Wal-hin beeknu malee bar nuyi foon tokkoo,
Akka firii mukaa nu faffacaasanii,
Mee walitti qabamaa bakkuma jirtanii
Koottaa, naa koottaa, nutuu tokko taanaa,
Amba maaltu dhibee, nutuu walii taanaa.
Muuziqaa kana keessatti waanti hubatamuu danda‟u uummanni Oromoo osoo hayyama
namoota biro hin gaafatiin wal-qorachuudhaan gurmaa‟uu akka qaban gurmaa‟uun humna
ta‟uu isaati.
Fakkeenya.30. Daamsan qaba ani, Oromoota maraaf
Kan bahaa kan dhihaa ,barbaadaa walbaraa
Gabrummaa irraa bahuuf, qabsoodhaaf hiriiraa
Muuziqaa kanaa irraa waanti hubatamu sabni Oromoo godinaalee Oromiyaa garaa garaa
keessa jiraatan mootummaan sirna Nafxanyaa akka isaaf mijaawutti kutaafii amantii dhaan
qoqqoodaa turuun isaa ni beekkama.Kanaafuu shira kana balleessuuf uummatni Oromoo
kallattii hundaan akka walitti firoomu akka tokkummaa isaa jabeessuun wal-barbaadee humna
cimsatu dhaamsa dabarsa.
Fakkeenya.31. Roobe moo ganna?
Mee wal odeeyiffanna,
Osoo waluu barree waluu jabeeffanna
43

Nuti Oromootni bakka adda addaa jiraannu eenymmaa keenya walgafanee walbarra wal
haacimsinuu walcinaa haadhaabbannu tokkummaan humna ergaa jedhu dabarsa.
Fakkeenya.32. Yaa Oromoo dhihaa, yaa Oromoo kibbaa
Yaa Oromoo bahaa, yaa Oromoo kaabaa
Alaabaa Oromoo kaasaa olqabaa
Dhiichisaa sirbaa diina garaa gubaa
Qabiyyeen muuziqaa kanaa sirnoota dabran keessattiwalitti dhufeenya yookaan gamtaan
socho‟uu saba oromoo hinhayyamamu ture. Oromiyaa faarsuufis ta‟ee alaabaa Oromoo
harkattillee qabachuun yakka ture waan ta‟eef gamtaa dhaan sirna kana cabsinee diina oromoo
warra ta‟an sana qaanessuu akka qaban ibsa.
Qabiyyee Barbaachisummaa Obsaa Namni kaayyoo tokko galmaan gahuuf deemu tokko
adeemsa isaa keessatti obsaafii dhimma sana iraatti xiyyeeffannoo qabaachuu qaba. Obsa
dabuufii gufuulee xixiqoo mudachuu danda‟aniif harka kennuun kaayyoon sun akka hin
milkoofne gochuu danda‟a.
Fakkeenya.33. Hin hifatiin amdii itti gayuuf teessaa,
Yaadaan narrakkiinii numa baana keeyissaa,
Jarjjarrigaariimii nuduraa balleeyissaa,
Suutuma jaalakoo obsa barbaachisaa.
Maaltu na eeggataa hinyaadiin, hinshakkiinii,
Ofii daddabanii Rabbi hinsakkamanii.
Suuta ja‟ii kiyya ammeenya hin se‟iinii,
Keessa kiyya hingartuu, anis sidaranii.
Muuziqaa kana irraa waanti hubannu adeemsi keenya toftaadhaan ta‟uu qaba. Kan nuuf
toluufii kan nuuf hintolle addaan baasuuf obsa qabaachuu qabna jarjaruu keenya miidhaa nuti
hinyaadne nurraan gahuu danda‟a. Yoo obsa qabaanne Rabbilleen nugargaaruu danda‟a kan
jedhu ibsa. Karaa biraatiin gorsaan sirbicha keessa jiru miidhaa isaa garaatti qabateeti malee
isatti tolee akka hin taane hubachuun nidanda‟ama.
Fakkeenya.34. Guyyaan guyyaadha inninuu
Nigarra mee wajjinuu
Kee bareedinni qaaliinuu
Na boochisa kee amallinuu
44

Obsi mee itti dhiisi


Guyyaa fidaa bar isiisi
Walaloo muuziqaa armaan olii keessatti kan ibsamuu barbaade gyyaan irra jirru gaariis
haata‟uu yaraa guyyaa jedhamuun isaa hin oolu. Kanaafuu, yootoftaa dhaan deemameefi yoo
obsi jiraate barris jijjiiramuu hin oolu guyyaa bilisummaan itti dhufu hamma fedhe turullee
illee guyyattiin sun dhufuun akka hin hafne ibsa.
Fakkeenya.35.Qeerroon mataa tuutaa hinjarjartuu suutaa,
Qeerroon mataa tuutaa hinjarjartuu suutaa.
Aduun takka dhiitee takka nuubartee,
Kan akka keenyaa hinjiruu kan garbummaan miitee.
Osoo biyyaa qabnuu biyyaa keenyaa dhabnee,
Osoo Heera qabnuu heera keenya dhabnee,
Osoo aadaa qabnuu aadaa keenyaa dhabnee,
Osoo Afaan qabnuu Afaan keenyaa dhabnee,
Akkaa baala mukaa faffacaanee hafnee.
Qabiyyeen walaloo armaan olii dargaggoota cunqursaa isaan irra gahu obsuu dadhabanii miira
keessa galuudhaan osoo gamaafii gamana osoo hin mil‟atiin miidhamaisaaniitiif furmaata
atattamaa fiduu yaalaniif akka obsaan adeemsa isaanii malaan gaggeeffataniifi obsaan
gabrummaa ulfaataa sana baachuudhaan malaan gabrumma sana akkamitti lafa kaa‟uun akka
danda‟amu dhaamsa dabarsa.
Qabiyyee SiyaasaaQabiyyeen kun bilisummaa afaan ofiitiin yaada ibisachuu, bilisummaa
siyaasaa, bilisummaa dinageddee fi kkf ijoo isaan ittiin dhaabbatan isa duraati. Kanuma irraa
ka‟uun sochiin aadaa isaan godhaa turan dagaaguun gara sochii eenyummaa Oromootti ifa
baasuuf qabsaa‟uutti jijjiirame.
Fakkeenya.36. Deem nuu quufi yaa ijaa bololtuu
Bayixee yaata malee, waan namaa hin argittuu
Waa namaa eeguudhaaf otoo gadi dhiibbattuu
Buruyixxee hin yaa‟inii ijaa bololtuu
Aduu waa if seetee kan dhiitee bariitu
Rooba Rabbii taatee marga hin magarsituu
Bayxee maaf hin buruyinne yaa ijaa bololtuu?
45

Wallee kana keessatti warri amajaajii hawaasaa misoomaa fi gudina uumata jiban sabcha ija
gaariin ilaalanii hin beekne cufti miidhaan hanga ammaa uummata irraan geessan isin gahaa
ummataaf afuura kennaa cunqursaa fi saamicha qabeenya uummataa dhiisaa jedha.
Fakkeenya.37. Yaa muka badaa muka keeyissaa isa qoree
Atuu hidda hinqabduu hundeen tee tortoree
Kan bu‟ees hin mayirruu firiin tee bororee
Kan dur gubbaa saarte sijalatti horee
Amma maal siif wayya yaa muka badaa qoqoree
Muuziqaa armaan olii keessatti muka badaan kan fakkeeffame mootichi H/ Sillaaseetiin ture
jedhama. Kunis yammuu inni aangoo irra fonqolfamuuf dhiyaatee kan wallifamee ture
jedhama. Yaadni walalichaas mootichi karaa hedduun uummata gidirsaa turuu isafi amma
garuu huma ittiin nama miidhuu danda‟u dhabuu isaa akkasumas waarrumti inni miidhaa ture
wal-gurmeessee isa dhabamsiisuuf qophaa‟uu isaanii ibsa.
Fakkeenya.38. Ati Orommoo ka‟i har‟aa mitii boru jechaa,
Guyyaa irraan, guyyaa lakkaawwachaa,
Siif haagayu amma usuu callisuun
Gabroomfataa mara keeysummeeyissuun.
Siif haagayu lolii fiilii finqilii ka‟i,
Siif haagayu lolii fiilii finqilii ka‟i.
Ergaan walaloo kanaa uummata Oromoo yeroo sana mirga isaatiif falmachuu dhiisee ba‟aa
irratti fe‟ame baatee taa‟aa turuun isaa, gochi kun akka isaaf hin malleefii bilisummaa akka isa
barbaachisuufi yoo bilisoome immoo abroomfataa of irraa balleessu akka danda‟u ibsa.
Fakkeenya.39. Owwalamnee turree jiruun sabni ballaan durattii
Nama yartuu cunqurstuu harkattii
Meeqatu bayee bade biyyaa ari‟amee
Meeqatu karaamalee cubbudhaan qalamee
Haqa isaa himachuuf meeqatu fannifamee
Osoo Afaan qabnuu irraa ugguramnee
Afaan biraa baruuf qawwee dhaan dirqamnee
Kunoo har‟a ijaarrachuuf qaawwaa xinnoo argannee
Dhiiraa fi dhalaa if booda akka hinjennee
46

Muuziqaa Baandii Afran Qalloo armaan olii kan ibsu, namni yeroon ol-qabde haala yeroo
irratti fayyadamee nama miidu ta‟ee, eenyummaa dhaan garuu nama ol hin taane lafuumaafii
qabeenya ofii irratti abbaa ta‟uu dhaan uummata ajjeesuun kaan biyyaa ar‟uun, kan biyya jirus
dararuun mirga dubbachuu, mirga qabeenya horachuu, mirga lafa ofii irratti abbaa lafaa ta‟uu
tokkollee qabaachuu akka hin dandeenye godhamaa turullee dhiiraafii dubartii osoo hinjedhiin
irratti sirna gabroomfataa sana irratti qabsaa‟uun mirga isaanii akka kabachiisuu qaban ibsa.
Qabiyyee dhimma qotee bulaafii abbaa lafaa Qabiyyee kanaan abbaa lafaa qeequufii qotee
bulaan immoo akka jabaatee hojjachuun dinagdee isaa guddisuu danda‟u ibsaafi ture.
Fakkeenya.40. Qotee bulaa ammas qotee bulaa,
Inni cunqurfameet hundi waliigalaa,
Dhugaa mirqaanfadhaa ka‟aa irribarraa,
Diinaaf tumsaa keessan ilaalaa addaan baraa.
Hadhaawaaf boorawaa har‟aaf haafakkaatuu,
Dhugaan booda garuu bakka isaa hin hanqatu.
Cabanii baqanii tattaafatan malee,
Haqa bilisummaa harkachuun hin mallee.
Walaloon muuziqaa Baandii Afran QAlloo armaan olii, qote bulaan yeroo sanatti abbaa
lafaatiin baayyee cunqurfamaa turullee akka harka hinkennine jabaatee yoo hojjatee
misoomaan guddate diina isaa injifachuu akka danda‟u hamilee isaa jajjabeessuuf kan
dhiyaatee ture jedhama
Qabiyyee hojii kabajuuNamoota hojii dhiisuudhaan jimaa qabatanii taa‟aa oolanii bulaa
turaniif akka baruumsa ta‟eefii yaada isaanii jijjiirsisuu danda‟u walaloowwan adda addaa
akka armaan gadiittidhiyeessee ture.
Fakkeenya.41. Fayyaa guutuu qabdaa, si hintuqamne lafee,
Taliiga bultiidhaa, maaltu sitti cufee?,
Halkan niqamaataa, guyyaa siiyi irra rafee,
Walitti hindachaatuu, itilleen siif hafee.
Milkiin miila abbaa irraa, dirmii sababadhuu,
Milkiin miila abbaarraa, ka‟ii carraaqqadhuu.
Walaloo muuziqaa Baandii Afran Qalloo kana irraa waanti hubatamu, warra hojjatanii jiruufii
jireenya isaanii fooyyeffachuu irra halkan jimaa qama‟aa bulanii yeroo hojjachuu qabanitti
47

immoo osuma bakka itti qama‟anii hinka‟iin hiyyummaa kunuunsan, halkaniifii guyyaa jimaa
qama‟uu dhiisanii akka jiruu fi jireenya isaanii sirreessan yeedaloo dhaan miidhagsee
bashannansiisaa gorsa kenna jechuudha
Fakkeenya.42. Jimaan hintuqinii karaabsu biraa fagaadhuu
Si gaallani moo re‟ee kan baalaa nyaattu?
Ammaas qama‟aan Marii jiruun taraaruu
Marii jimaa yootaate Simee dabaalaa.
Ilaali Hedduu maraachee kana bu,aan baalaa
Beenii dhaqii mee laali Yoo feete arguu magaalaa.
Hojiitti ka‟ii cimi Rabbiinille rakkootee siif laalaa.
Walaloo Muuziqaa Baandii Afran Qalloo armaan olii irraa waanti hubatamu, jimaa qama‟uun
akka amala gadheetti fudhachuu isaati.Sanaaf, namni xiqqaan haraaraa fi araada garagaraatiin
qaabamee hojii jibbuun faaydaa dhaba yaada jedhut ture. Walaloo kana irraa wanni hubannu,
jimaan horiinama harkaa akka fixuufi sammuu namaas aakka hojii dhoowwu nama
hubachiisa. Akkasumaas, yeroo nama saamuu dhaan hojii nama hiiksisa. Egaa gama kanaan
jimaan miidhaa akka qabuufi hawaasummaa namaa akka diiguu danda‟uu isaa irraa
hubachuun nidanda‟ama. Haaluma kanaan namoota taa‟anii jimaa qama‟aa oolanniif walaloo
muuziqaa kanaatiin bashannansiisaa karaa biraatiinis akka hojiin kabajamu barsiisa
jechuudha.
Akka odeeffannoo kennitootni jedhanitti,dhiyeessa qabiyyee muuziqaa kana keessatti, aartiin
Afaan Oromoo miidhagee akka dhiyaatuufi ergaan muuziqaa sanii bakka barbaadame akka
gahu kan taasise immoo Baandii Afran Qalloo keessatti kun dandeettii koo qofaa waanti
jedhamu jiraachuu dhabuu isaati. Kana jechuun namni muuziqaan sana sirbu sagaleen isaa
muuziqicha wajjin akka deemuu danda‟u madaalamee waan kennamuuf muuziqan isanii
miidhaginaafi sissi‟aayina cimaa argatee ture jedhama. Kanaafuu miseensotni Baandii Afran
Qalloo baay‟een isaanii: Wallistoota, walaleessitoota, Daayireektaroota fi Shubbistoota waan
ta‟aniif namni tokko walaloo yoo qopheesse abbaa irraa miidhaguuf sagaleen isaa
madaalamee kennama malee kuni kootii fi suni keetiin hin jiru ture.
4.3.1.2. Muuziqaa meeshaa muuziqaa waliin qindeessuu keessatti
Akka Obbo Mahaammad Daamotaa,(19/6/2012)fi Obbo Mahaammad Muussaa Corree,
(26/6/2012) ibsanitti, Baandiin Afran Qalloo sirba Afaan Oromoo afoola qofaan dabraa ture
48

gara muuziqaatti jijjiiruu dhaaf meeshaalee muuziqaatiin dabaaluu dhaan kanaa aartii
saayinsaawaa gonfateen qindeessee dhiyeessuu keessatti baandii isa jalqabaati. Baandiin
Afran Qalloo itti fayyadama meeshaalee muuziqaa kan aadaa irraa ka‟uudhaan gara
meeshaalee ammayyaatti guddisuu fi sirboota qabiyyee garaagaraa qaban kannneen armaan
olitti dhiyaatan dabaalchisuu dhaan meeshaalee muuziqaa ammayyaatti fayyadamuufi aartii
ittifayyadama meeshaalee muuziqaa fooyyessuu keessatti gahee guddaa qaba.
Fakkeenyaaf jalqabameeshaa muuziqaa„Darbujaa‟jedhamutti fayyadamuu jalqaban.Darbujaan
meeshaa muuziqaa harka lamaaniin dhahamee sagaloomuun muuziqaa sana dabaaluudha. Itti
aansuudhaan meeshaalee muuziqaa „Armoonikaa‟ jedhamutti fayyadamuu jalqaban.
ArmoonikaanArmoonikaan meeshaa muuziqaa kan sibiila irraa hojjatamee uraa kudhan qabu
ta‟ee afaan irra naanneffamuudhaan sagaleeffamee muuziqaa dabaaluudha. Hanguma hojii
isaanii itti fufaa deeman dandeettii isaa fooyyessaa aartii Oromoo ammayoomsuu dhaan gara
meeeshaa muuziqaa „Daf‟ jedhamutti ol guddifate. Daf meeshaa muuziqaa bifa geengoo qabu
ta‟ee yammuu sochoofamu sagalee kash..kash jedhu uumuun muuziqaa dabaaluudha.Kan irraa
tolfamus muka geengoo,gogaa haphii fi sibiilawwan qaqalloo irraayyi.
Muuziqaan Baandii Afran Qalloo hanguma meeshaan muuziqaa kunneen jijjiiramaa
olguddachaa dhufaniin aartiin muuziqaa Oromoos fooyyawaa, ammayyaawaa, namoota
afaanicha hin beekne birattillee jaallatamaa dhufe. Itti aansuudhaanis meeshaa muuziqaa
„Akkoordiyoo‟ jedhamutti fayyadamaa tureera. Akkoordiyoon meeshaa muuziqaa harka
lamaaniin qabuudhaan walitti qabuufii addaan banuudhaan sagaleeffamee muuziqaa
dabaaluudha.
Yeroo jalqabaatiif meeshaa muuziqaa akkoordiyoo jedhamuu kanaan kan Baandii Afran
Qallootiif taphate, Haamiid Liban jedhama ture. Itti fufuudhaanis meeshaa muuziqaa
dandeettii fi aarii addaa barbaadu „Gitaara‟tti fayyadamuu jalqabe.Muuziqaan baandii afran
qalloo yeroo yerootti ammayyaawaa deemuudhaan meeshaalee muuziqaa armaan olitti
tarreeffaman dabalatee gitaarattis fayyadamuu jalqabe. Gitaarri yeedaloo muuziqaa sana faana
bu‟uun quboota harkaatti fayyadamuun sagaleeffamee kan muuziqaa dabaaluudha.
Baandii Afran Qalloo keessatti yeroo jalqabaatiif kan Gitaaraan taphate, Wallisaa Alii
Shabbooti jedhama. Karaa biraatiinis raawwanna shubbisa garaagaraa keessattis leenjisaa
ofdanda‟e osoo hin qabaatiin: ofuma isaaniitiin wal qajeelchuudhaan, aartii keeroogiraafii
tolchuudhaan miseensi garee wal-hubachuudhaan akka nama tokkootti akka socho‟an taasisuu
49

dhaan aartii daawwatamee hin quufamne tolchuudhaan sadarkaa aartii ammayyoomeen


gahanii jiru jechuudha. Akkasumas meeshaa waraabduu sagalee „Shaklaa‟ fayyadamuu dhaan
muuziqaa isaawaraabuudhaan raadiyoodhaan uummata biraan gahaa turuu isaatiin guddina
aartii Oromoo har‟aatiif karaa bane.Aartiin Oromoo akka guddatuuf imoo sirboota meeshaalee
muuziqaatiin dabaaluu dhaan qindeessee,dhimma siyaasaa dabalatee dhimmoota adda addaa
qabiyyee roga adda addaatiin miidhagsee ammayyeessee dhiyeessuu dhaan hojii aartii
Oromoo sadarka har‟a gahe irraaan gahuu keessatti gahee olaanaa qaba jechuudha.
4.3.1.3.Dhiyeessa muuziqaa isaa hawwataa gochuu keessatti
Miseensonni muuziqaa Baandii Afran Qalloo yammuu qophii agarsiisaa qopheessan
hundayyuu uffata aadaa Oromoo ergaa muuziqichaa wal-simsiisanii uffachuun muuziqaa
isaaniis miidhagfachaa aadaa uffannaa Oromoos beeksisaa turan. Muuziqaan baandii afran
qalloo ofii isaatiifuu aartiin kantolfame waan ta‟eef warra ijaan daawwatan qofa osoo hinta‟iin
namoota raadiyoodhaan dhaggeeffatanillee qalbii isaanii booji‟uudhaan boochisuu,
gaddisiisuu, onnachiisuu kan dandeessisu ture. Aartistii Yoonus Abdullaahii,(24/6/2012)
4.3.1.4.Aartistoota dandeetti qaban heddu akka gad bahan taasisuu
Akka Aartistii Adam Haaruun, (23/6/2012) ibsetti, Adam Haaruun mataa isaa dabalatee
aartistoonni bebbeekamoon gurra uummata Oromoo keessa jiran baay‟een isaanii xurree
Baandiin Afran Qalloo baaseen gad-bahan. Fakkeenyaaf kan akka:Shantam Shubbisaa, Qamar
yuusuuf, Wagaayyahu Dagginnat, Almaaz Tafarraa, Halloo Daawwee, Bizunash Baqqalaa,
Mahaadii Sheekaa, Nuhoo Goobanaa, Falmataa Roorroo, fi kanneen biro baayyee maqaa
dhahuun nidanda‟ama. Haaluma kanaan aartiin oromoo akka olka‟ee mul‟atuufii
ammayaa‟inni isaanii bu‟aa Muuziqaan Baandii Afran Qllooti yoo jedhame nama
hinmormisiisu.Walumaagalatti sabni Oromoo: aadaa miidhagaa akka qabu, aartii hawwataa
akka qabufi aartistii ta‟uu akka danda‟u, afaan isaa mala adda addaatiin itti fayyadamuu akka
danda‟u, barreessaa fi barreeffama akka horatu, akkasumas namootni dandeettii aarti qaban
bakka dhokatanii bahanii kalaqa sammuu isaaniifii „kennaa addaa‟ isaaniitti akka
fayyadamaniif xurree kan bane Baandii Afran Qallooti. Aartistootni Oromoo Baay‟inaan As
bahuun kun immoo guddina Afaan Oromootii fi fooyya‟ina aartii Oromootiif bu‟aa guddaa
buusee ture. Yeroo ammas irra caala Afaan Oromoo kana guddisuufi aartii Oromoo
ammayyeessaa jiraachuun isaanii nihimama.
50

4.3.1.5. Haalluu fi kiirolummaa sagalee madaalun wallistootaa filachuu

Aartistii Adam Haaruun,(23/6/2012) fi Aartistii Yoonuus Abdullaahii,(24/6/2012) akka


ibsanitti, Baandii Afran qalloo keessatti walgargaarsa, walta‟iinsa, waldhagahuu, gamtaan
socho‟uu malee waliif ajajamuu, waltuffachuu figahee itti kenname raawwachuu malee hojii
kootu hojii kee caalaan hin turre. Kanaafuu muziqaan qophaa‟e tokko wallisaa wallisuuf kan
kennamu haalluun saqaleen isaa, kiirolummaan sagalee isaa, olka‟iinsiifii gad bu‟iinsi
yeedalichaa sagalee isaatiin madaalamee abbaa sagaleen isaa filatameef kennama malee kun
walaloo fi yeedaloo kootii anatu sirbuu qaba jedhee kan mormu hinturre. Haaluma kanaan
danda‟ettii har‟a artistiin tokko ittiin madaalamuun madaaluun hojii irra oolchuu keessattis isa
jalqabaati. Akkasumas mi‟aayinni muuziqaa Baandii Afran Qalloo Afaan Oromoo namoota
baayeyeen akka dhaggeeffatamu gochuun hojiin aartii isaaniis fulla‟oofi aartii amma ammaatti
jaallatamuu gochuu danda‟eera.
4.3.1.6.Waltajjii Keeroograafi tolchuu keessatti
Akka Adde Zahaaraa Yuusuuf, (18/6/2012) ibsanitti,Yeroo sanatti shamarran lakkoofsaan
muraasa turan. Sababni isaas shamarran akka barbaadametti dhiiraan wajjin hirmaachuu
hindanda‟an waan turaniif warri dhiiraa bakka harma isaanii huccuu harma fakkeessanii
kaawwachuun uffata dubartii uffachuun keeroogiraafii tolchanii gahee shamarranii taphatu
turan.Jalqabbii Baandiin Afran Qalloo yeroo sana jalqabeen har‟a karaa saayinsaawaa ta‟een
keeroogiraafiin leenjisuudhaan shubbisti Oromoo godinaalee Oromiyaa hundinuu akka
daawwataman godhamaa jira. Kanaafuu ammayyoomina hojii keeroogiraafii keessatti gaheen
Baandii Afran Qalloo xiqqaa miti jechuu dha.
4.3.1.7. Diraamaa qopheesuun gahee taphachuu keessatti
Akka Obbo Mahaammad Daamotaa,(19/6/2012) fi hirmaattotni marii garee,(29/6/2012)
ibsanitti, Baandiin Afran Qalloo muuziqaa isaa cinaatti haala ummanni Oromoo yeroo sana
keessa ture diraamaa mata duree dhimmoota „Abbaa lafaa fi Ciisanyaa‟, „Dhiiraafii dhalaa‟
akkasumas„Nama Barateefii Doofaa‟ jidduu jiran seenaa, ijaargocha, yoomessa, taatota,
waldiddaa, finiina itti uumuudhaan ta‟iinsa jarreen kana jidduutti raawwataman waltajjii irratti
dhiyeessuudhaan diraamaalee har‟aatiif bu‟uura ta‟eera. Haaluma kanaan wallee fi diraamaa
dhaan, miidhaa uummata Oromo irra gahaa ture balaaleffachuu dhaan uummatni Oromoos
akka baandii kana jalaa argee balaaleffachuu danda‟u aartii diraamaatiin miidhagsee,
mi‟eessee ta‟iinsaan dabaaluun argaa dhageettiin uummataaf dhiyeessee, gad-antummaa
51

diduu dhaan, sabni Oromoos akka gad-aantummaa diduu barsiisuu dhaan aartii Oromoos
sadarkaa aartiin warra biro gaheen gahuu danda‟eera.
4.3.1.8. Beeksisawwan garaa garaa afaan oromootiin beeksisuu
Akka Obbo Yuuba Abdumaaliik Yoonuus,(28/6/2012) ibsanitti, Baandiin Afran Qalloo
muuziqaa Afaan Oromoo, barreefama afaan Oromoo dabalatee beeksisaalee adda addaas
raadiyoodhaan miidhagsee gurratti mi‟eessuun ni beeksisa ture. Beeksifni yeroo jalqabaatiif
Afaan Oromoo miseensota Baandii Afran Qallootiin hojjatamee ture, beeksisa kaampaanii
„aspriin, pilipsii fi warshaa sukkaara wanjii‟ture. Beeksifni garaa garaa yammuuAfaan
Oromootiin hojjatamu sanatti, Afaan Oromoo uukkaamfamaa ture sun ifa bahuu dhaan
beekamtii guddaa argatee ture. Akkasumas beeksifni dhiyaatu sun jechoota filatamoon
qindaawee, akka gurratti tolutti miidhagee dhiyaata waan tureef sadarkaa har‟a aartiin
Oromoo Irra jiruuf bu‟uura ta‟uu danda‟eera.
Fakkeenya 43.Tolfamaa filatamaa, namaan jaallatamaa
Piliipsii raadiyoo, gaarii waliif himaa,
Raadiyoo piliipsii galgalaa ganama
Barbaadanii hindhabanii,
Bakkayyuutti harkamaa
Walumaa galatti Baandiin Afran Qalloo adeemsuma hojii isaa isaa dabreen aariin Oromoo
suuta suutaan akka fooyya‟uu, akka ammayyaawufi suuraa yaadaa yoomiyyuu sammuu namaa
keessaa hinbanne suuressuu dhaan uummati Oromoo afaan isaatti akka boonuufi sagalee isaa
ol-kaasisee akka dubbatuufi diinni uummata Oromoo immoo akka mataa gadi cabsuu
gochuudhaan qabsoo hadhaawaa keessa dabree dhaloota ammaatiin gahee jira jechuudha.
Akka seenessa Jaafar Alii,(2009) ibsutti,Shoora guddaa Baandiin Afran Qalloo taphateen,
aartii Oromoo kamiyyuu keessaa hojiin Baandii Afran Qalloo nidhabama jedhamee
hinyaadamu. Sababni isaas ka‟uumsi fi bu‟uurri guddina aadaa, Afaan Oromoo fi aartii
Oromoo ammayyaawaa, akkasumas beekumsi mormii siyaasaa, Diddaa gabrummaa
barsiisuun qanqee bilisummaa Oromiyaa guutuu keessa facaasuun saba isaatiif ija banuu kan
danda‟e inni angaftiifii sammuu saba Oromoo hunda keessaa dhabamuu hindandeenye baandii
afran qallooti. Aartiin Oromoo gama kamiinuu yoo ka‟u, „Akka dhadhaa jidduu marqaa jirutti
tuqachaa marqicha nyaatanitti, artistoonni Oromoos akkuma marqichaa fi dhadhaa sanii,
52

muuziqaa fi aartii Baandii Afran Qalloo itti tuqachaa aartii isaanii gaggeeffachaa turan ammas
ittuma jiru.
Akka odeeffannooleen af-gaaffii, marii gareefi sakatta‟a harshammee irraa argaman ibsanitti,
afaanii fi aartii Oromoo guddisuufi ammayyeessuu keessatti Baandii Afran Qalloo gahee
guddaa qaba. Hojiileen Baandii Afran Qalloo gosoota aartii kan ta‟an kan akka:suuraa,
bobboca, og-fakkii fi kalaqni adda addaa waan ibsuu danda‟an hunda ibsuu waan danda‟uuf,
namoonni hojii Baandii Afran Qalloo hojjachaa turan yoo boqataniifii yoo dulloomanillee
hojiileen Baandii Afran Qalloo baduus dulloomuus hindanda‟u. Fakkeenyaaf muuziqleen
tokko tokko, si‟a tokko irra yoo dhaggeeffataman waan nama nuffisiisaniif deebisanii
dhaggeeffachuun nama rakkisa. Muuziqaan Baandii Afran Qalloo garuu nuffisiisuu dhiifnaan
ergaan isaatuu kanhubatamu si‟a sadii, si‟a afur deddeebi‟uun yammuu dhaggeeffatamu hiikni
isaa hubatama. Waan kana ta‟eef guddina Afaan Oromootiifi ammayyaawuu aartii Oromootiif
Baandiin Afran Qalloo ka‟uumsa jechuun nidanda‟ama jechuudha.
4.4.Qaaccessa Af-gaaffii, Marii Garee fi Sakkatta‟a Harshammee
4.4.1.Danqaalee Baandii Afran Qalloo Mudatanii Turan
Hawaasni addunyaa kamuu keessa jiraatu muuziqaa kiyya kanjedhuufii gamtaan kan itti
fayyadamu qaba. Akkasumas hawaasa kamiyyuu keessa gareeleen muuziqaa hojii godhatan
nijiru. Merriam,(1964) yammuu gareelee kana ibsitu hawaasni qoqqoodama hojii hinqabne
hin jiru.Qoqqoodamni kunis gosaan, sanyiidhaan, umriidhaan, saalaan fi kkf. Uumamuu
nidanda‟a. Qoqqoodinsi hojiikun, dinagdee hawaasa tokkoo eeguuf humna walii gala hirachuu
jechuudha.Haala kanaan tokko tokkoon garichaa oogummaa irratti bobba‟eef, hayyuudha
jechuudha. Kanaafuu kanmuka soqu, kansuphee dhahu, kangogaa duugu, aartistoonniifii
kkf.hojii garee isaanii yoo galmaan gahan dimmaa fii dinagdee hawaasummaa isaanii galmaan
gahan jechuudha. Haata‟u malee hojii isaanii galmaan gahuuf loogiin jiru danqaa itti ta‟e.
Fakkeenya .44. Yaa jiruu addunyaa galma keeyissummootaa,
Namuu sitti hinwaaruu, numa gaggeessitaa,
Maaliif keeyissummaatee, bikka lamma goota?
Garii tola ooltee, kaan maaf araraafta?
Cubbuutu saare sirraa, dhugaa awwaale narraa,
Afaan wallaalle baraa, afaan wallaalle baraa.
Keeyissummoonni kan kee, warra dabran keeyissaa,
53

Irra hedduun barruun ammeenya kee ibsaa,


Uumaan namaa tokkumaa, sumatu addaan baasaa.
Hayyuun heera arkatee, haalakee qoratee,
Ammeenya keetirraa, waa heddu dubbate.
Akka odeeffannoo kennitoota marii garee,(29/6/2012) ibsanitti sirnoota Nafxanyaa
Itiyoophiyaa yeroo dabranii hundi isaanii namoota sabaan, ilaalchaan, amantii dhaan
qoqqoodanii isa tokko garee isaanii godhachuu dhaan isa biraa immoo diina isaanii gochuu
dhaan, isa isaaniiif ajajamu ofitti qabuu dhaan; isa isaanitti dammaqe dhabamsiisuu dhaan
sirna isaanii gaggeeffachaa akka turan jiruu addunyaa fakkeessuu dhaan ibsa.
Baandiin Afran Qalloo adeemsa afaaniifii aartii Oromoo guddisuuf jecha ajjeefamaa,
reebamaa, hidhamaa biyyaa ari‟amaa turaniiru.Sababni dararama isaaniis akka armaan gadiitti
taa‟ee jira.
4.4.1.1. Qubee Afaan Oromoo bocuu isaa irraa kan ka‟e
Akka Obbo Mahaammad Daamotaa,(19/6/2012) ibsanitti, Sirna Mootummaa H/Sillaasee
keessatti qubeen saabaa walaloowwan Afaan Oromoo barreessuuf waan mijaawaa hin turreef
miseensa Baandii Afran Qalloo kan turan, Sheek Bakrii Saaphaloo namni jedhaman rakkina
kana furuuf qubee afaan Oromootiif mijaawoo ta‟an qopheessanii itti fayyadamuu jalqabanii
turan. Bocamuu qubeewwan Afaan Oromoo kanaan wal qabatees akka nama yakka cimaa
hojjatetti warri qubee sana bocuuf yaada dhiyeesse, namootni yaadaanis ta‟ee maallaqaan
Sheek Bakirii deeggaran sakata‟amuun reebamanii kaan hidhamuudhaan qubeen Afan
Oromoo ittiin barreessuuf bocames uggurame jechuudha.
Haata‟u malee oduun qophii qubee Afaan Oromoo haarawaa hatattamaan biyya keessa faca‟e.
Jaallatamuufi kabajamuun Sheek Bakriifi qubee Afaan Oromoobarreessuuf mijaawoo ta‟an
bocuu isaaniitiin argatan mootumma Hayila Sillaasee wareerse. Oromoon qubee kanatti
fayyadamee afaan isaa barreessuun tokkummaa biyyaa balaa irra buusuuf deema. Akkasumas,
uummata mootummaa irratti kakaasaa jira jechuun akka waan yakka hojjataniitti waggaaoota
sadiif akka Dirree Dhawaa keesaa hinbaane ittifamanii booda Dirree Dawaa iraa hanga
Addeellee qofa akka deeman hayyamameef jedhama.
4.4.1.2.Ergaawwan muuziqaan dabraniin mootummaan mufachuu
Akka Obbo Mahaammad Daamotaa, (19/6/2012) fi Obbo Mahaammad Muussaa Corree,
(26/6/2012) ibsanitti, Baandii Afran Qaloo adeemsa afaaniifii aartii Oromoo guddisuuf
54

carraaqaa tureen sirna mootummaa nafxanyaa sanatti dhukkuba cinaachaa itti ta‟ee ture.
Jalqaba irratti mootiin H/sillaasee Afaan Oromoo waan hin dhageenyeef hiikkaa muuziqaalee
Baandii Afran Qalloo hinbeeku ture. Haata‟u malee namootni garaaf bulaniifii warri saba
Oromoo hinta‟iin garuu afaan Oromoo beekan sirboota baandii afran qalloo keessaa hiikaa
sirba armaan gadii waan afaan amaaraatti hiikaniifiif dararama akka malee aartistoota
baandichaa irraan gahuu jalqabe.
Fakkeenya.45. Akka nama du‟eettiin taa‟ee aayyoo yaadee
Abbaa mukni alaa ayyadaa namudee
Ayyadaakoo gaariin sumudaan nagubdee
Sirba kana irra waanti hubatamu sirna Nafxanyaa keessattinamnii namni Saba Oromootiif
dhaabbatu hinjiru waan tureef roorroo isa irra gahaa ture ofirraa deebisuu dadhabee
mootummaan soda tokko malee uummata dararus kandubbatu hinturre. Haata‟u malee Mootii
H/sillaasee yeroo sanatti miskiina walitti qabee nyaataan garaa guuta waan tureef mootummaa
keenya nurra oolchee nurraa haabulchu, abbaa iyyeessaa jechaanii faarsa waan turaniif
gaarummaa mootichaa ummanni faarsu, sana akka „haadha biddeenaatti‟ kan bidden namaa
laatu ta‟uu isaa cinaatti immoo acuuccaa inni saba Oromoo irraan gahaa ture„ Sumudaan‟
fakkeessanii sirbuuuudhaan uummata hubachiisuu yaalanii turan. Yaadni muuziqaa kanaa
warruma Afaan Oromoo beekaniin H/Sillaaseef hiikameef. Achii booda, Mootichis baay‟ee
aaruudhaan toftaa baafatee, Miseensota Baandii Afran Qalloo walitti qabsiisuun”Bakki amma
itti taphataa jirtan kun isiniif hinmijaawu kanaafuu „galmi mazagaajaa‟ bal‟aa fi banaa waan
ta‟eef meeshaa muuziqaa keessan qabadhaatii achitti sirba keessan agarsiifadhaa.” jedhee
hayyama isaa dabarseef.
Baandiin Afran Qalloos hayyamni mootichaa dhugaa ittifakkaatee gammachuu dhaan
meeshaalee muziqaa isaaa guurratee gara, „galma mazagaajaatti‟ deeme.Achittis uummata
waammatee muuziqaa isaa dhiyeessuuf yamuu qophaa‟utti, dabballootni mootummaa yeroo
sanaa galmichaa ol seenuu dhaan meeshaalee muuziqaa isaa irraa saamuu dhaan Baandiin
Afran Qalloo battaluma sanatti akka cufamu ajaja dabarse. Akkasumas warren boordii
Baandii Afran Qalloo turan walitti qabuun achi buutee isaanii dhabamsiise.Karaa biraatiin
dararamni akka malee Miseensota irraan gahuun Baandiin Afran Qalloo akka faca‟u
taasifamullee kanneen balaa sana dandamachuun irraa hafuu danda‟an toftaalee biroo
jijjiiruun hojiin Baandii Afran Qalloo akka itti fufu taasisanii turan.Toftaaleen sunneenis:
55

Moskoob Lagaharree H/Sillaaseen Baandii Afran Qalloo dhabamsiisuuf yaalus qaroomina


hagas mara waan hinqabneef miseensonni baandichaa yeroo sanii uumamumaan dursanii kan
qarooman waan turaniif baandii afran qalloo jedhu jijjiiruudhaan,‟Moskoob Lagahaarree‟
jedhnii moggaafachuun hojii isaanii daran cimsuun itti fufan.
Baandiin „mooskoob‟ walaloofii yeedaloo dhaan Afaan Oromoo miidhagsee wallisuu dhaan
daran babal‟isee. Miseensonni sunneen naannawa Harargee keessa naannawanii wallee isaanii
agarsiisuu bira dabranii hanga Jibuutii deemuu dhaan Oromoo dhiifnaan namoota biyya
alaallee mirqaansuu dhaan galii guddaa sassaabbatanii turan.
Baandii Afran Qalloo mootummaan H/Sillaase facaasee akka haaraatti gurmaa‟uu dhaan
qaanqee sirba isaanii akka nadhii dammaa mi‟awuufi iccitii jeechoota mimmiidhagoon
aaguugaman guutuu biyyattii keessa facaasuu jalqaban. Haata‟u malee toftaa Baandiin Afran
Qalloo itti fayyadame mootummaan bira gahuu dhaan mootummaan baaragee, miseensota
baandichaa walitti sassaabee kaan tumuu dhaan, kaan biyyaa ari‟uudhaan, akkasumas
miseensonni Baandii Afran Qalloo warri baandii moskoobkeessatti garee shubbistootaa turan
osoo walitti marsanii taphacha jranuu baay‟ee isaanii qabuun bakka Laga dool jedhamu
geeffamuun qalaman jehama.
Hojiileen Baandii Afran Qalloo akka dimimmisan taasifamanillee, baandichi kan hundeeffame
salphaatti baduuf waan hintaaneef nidimimmise malee hin dukkanoofne ture.
Baandii Jarman Miseensota kunnen keessaa kan du‟u du‟ee, kan biyyaa ari‟ames ari‟amee,
kan reebames bayyanatee dargaggootaafii shamarran biro dabalatee bifa haaraan maqaa
‟Jarman Baand‟ jedhamu moggaafachuu dhaan hojii isaanii itti fufuudhaan of haaromsanii
fuulduratti furgugga‟uu itti fufan. Yeroo kanatti warri biyya irraa ari‟ames moqaadishoo
seenuudhaan sarara qilleensa raadiyoo Somaaliyaa Mootummaa Ziyaad Baarree
hayyamsiisuun Wallee isaanii meeshaa waraanaa misaa‟el caalu as dhukaasuu eegalan.
Yeroo sanatti mootummaan Ziyaad Baarree jaalala Oromoo irraa qabuun osoo hinta‟iin
dentaa mataa isaa Itiyoophiyaa ittiin weeraree fedhii Somaaliyaa guddoo ijaarrachuu qaba
waan tureef Oromoota kanneen somaalee abboo taasisuu dhaan Afaan Oromootiin sagantaa
sirboota isaanii qilleensa irra oolchuufii jalqabe.Miseensonni kunneenis kan garaa garumatti
qabatanii hojii isaanii itti fufuu jalqaban.
56

Gareee Baandii Jarman kanattis yeroo gidiraan cimmaa deemee. Mootichi Oromummaa
isaanii amma jibbanitti miidhaa dhala namaatiif hinmallee irraan gahuun, “Lafarraa
dhabamsiise mitii?” jedhee tasgabbaayee taa‟e.
Baandii Su‟uuq Ilaaq Baandiin Afran Qalloo lafa irraa dabame jedhamee ture ammas akka
bofaa muuxatee ka‟uu dhaan,‟Jarman Baand‟sana immoo jijjiiruu dhaan,‟Su‟uq Ilaq Band‟
jechuun moggaasa biraatiin immoo qabsoo isaanii itti fufan.Afaan arabaatiin „so‟oq ilaaq‟
jechuun, magaalaa namootni itti walgahan jechuudha. H/Sillaaseen baandii haarawaa
dhaabbate kanatti akka malee ajaa‟ibsiifachuufii aarii daangaa hin qabneen ka‟ee, akkuma
warra kana duraa dararama madaalamuu hindandeenyeefi himuuf namatti hintolle irraan
gahuudhaan deebisee baandii kanas facaase miseensota baandichaa baay‟ees biyyaa ari‟e.
Fakkeenya.46. Tan biyya ormaa dhaqe biyya hingaggaayifatuu,
Tan biyyaa nubaayise biyyee haa uffatu.
Miseensonni Baandii Afran Qalloo qaqqaalii sun badii tokko malee afaan isaaniitiin yaada
isaanii ibsachuu isaanii aartii isaanii ammayyeeffachuu isaanii qofaaf kaan ajjeesuu dhaan
kaan biyyaa godaansisuu dhaan biyya itti dhalatan irraa humnaan kan isaan ari‟e. Haata‟u
malee qabsoo fi qaanqeen baandichaa bakka tokkoo yammuu dhaame bakka biraatii qabachaa
waan tureef ibiddi biyyaa faca‟e addunyaa waliin gahuu jalqabe. Sirboonni yeroo yerootti
moqaadishoo irraa gadhiifaman H/Sillaasee irriba dhorkee ture. Miseensota Baandii Afran
Qalloo biyyaa ari‟aman keessaa tokkoka wallisaa Yoonus Abdullaahii Moqaadishoo taa‟uu
dhaan sagalee isaanii kiilolee saniin sirboota jecha halawaa ofkeessaa qaban afaanicha
miidhagsee haalluu aartii itti uwwisuudhaan moqdishoo irraa biyya keessatti facaasuu jalqabe.
Sirbi yeroo jalqabaatiif Yoonus Abdullaahiitiin sirbamee Moqaadishoo iraa gara
Itiyoophiyaatti gad dhiifamee tures:
Fakkeenya.47. Booyi yaa onnee gubatte,
Waan namaa hinnaanee jaalatte,
Kanaafuu cinqii mudattee
Akkana cinqamuun wallee dilii kiyyaa?
Mee dafii naafurii gooyittaa hiree kiyyaa.
Jechuudhaan, balleessaa tokko malee Afaan Oromootti dhimma bahuu isaa qofaan
mootummaa nammummaa namaatti hinamannee fi namaaf hinrifanneeen dararamuu isaafi
Rabbi akka furmaata godhuuf wallee kanatti fayyadamuudhaan ibsatee ture.
57

Aartistii beekamaaAbubakar Muussaawalaleessaa, yeedaleessaa, wallisaa asoosaa fi


keeroogiraafara kan ta‟ee fi motora Baandii Afran Qalloo kan ture sagantaa Raadiyyoo Harar
irratti Afaan Oromootiin ergaa cigoo qabu dabarsuun uummata kakaase jechuun sagantaa isaa
xumuree yammuu bahu ulaadhuma dhaabbata Raadiyoo Harar fuulduratti ajjeechisee riiffi
isaallee akka ka‟ee hinawwaalamne gochuu dhaan waraabessa nyaachise.
Hawwisoo Biiftuu Yeroo H/Sillaaseen kufee Dargiin aangoo qabatu miseensotni Baandii
Afran Qalloo kan du‟a irraa hafaniifii kanneen godaansa irraa deebi‟an muraasni isaanii,
dargaggootaa fi shamarran haarawaa dabalachuu dhaan walitti qabamanii maqaa haaraa
baafachuun „Hawwisoo Biiftuu‟ jedhamuun gurmaa‟an. Miseensonni kunneen Halloo
Daawwee, Almaaz Tafarraa, Adam Haaruun, Shantam Shubbisaa, Gaaddisaa Abdullaahii
Mahaammad Ibraahim wadaay, Usmaa‟el Galmoo, Abdusalaam Hajii Muussaa, Abduulaazi
Orbiilimaa ta‟uudhaan qabsoo isaanii kutaa lammaffaa itti fufan. Isaan kunis yammuu sirba
haarawaa baasan hundaa hiikni isaa erga mootummaaf hiikameen booda uummata bira gaha
ture. Haata‟u malee ergaa shakkisiisaa of keessaa yoo qabaate tumamuufi hidhamuun isaanii
beekamaa ture.Fakkeenyaaf wallisaa Adam Haaruun hanga sirba haaraa baasuun qixa
hidhamaa ture.
4.4.1.3. Xalayaan Taaddasaa Birruu irra ergameeen kan ka‟e
Akka Obbo Mahammad Daamotaa, (19/6/2012) fi Aartistii Adam Haaruun, (23/6/2012)
ibsetti, jalqaba yeroo mootummaan Dargii aangoo irra bahetti haalli bulchiinsa isaa
„Yamaytsifuu ijjoochi ayinooruum!‟ Harkawwan barreessuu hindandeenye hinjiraatan!
jechuun labsii baasee milkaa‟ina qabatee waan dhufe fakkaata ture. Baandiin Afran Qaloos
qaawwaa argame kanatti fayyadamuu dhaan uffata aadaa isaanii uffachuu dhaan bakkaa
bakkatti naannawaa muuziqaa isaanii dhaggeeffatamanii hinquufamne Oromiyaa maraan
gahuu jalqabanii carraa waldaa maccaafii tuulamaatiin walitti dhufuus argachuu danda‟ee ture.
Haata‟u malee carran afaaniifii aartii oromoo babal‟isuuf argame sun akka jalqabbii isaatti itti
fufuu hin dandeenye ture. Sababni isaas, bara mootummaa H/Sillaasee keessatti Jeneraal
Taaddasaa Birruu mana hidhaa Galamsoo keessa taa‟ee, Baandii Afran Qallootiif
xalayaa,”Waldaa maccaafii tuulamaa wajjiniin walqunnamuu dhaan guddina Afaan Oromoo fi
aadaa Oromoo akka ceesiftan; uummata Oromoo akka barsiisaniifii qabsoon jalqabdanis akka
of-duuba hindeebine wal-jajjabeessaa!” jedhu, ergee ture. Baandiin Afran Qalloos imaanaa
kana qabatee Waldaa Maccaafi Tuulamaatit michoomuun waldicha wajjin hojjachuu jalqabe.
58

Xalayaa Jenaraal Taaddasaa Birruu irraa Baandii Afran Qallootiif ergame sun, H/Sillaasee
bira osoo hingahiin dhokfamee ture ture, basaastonni fira fakkaatanii Baandii Afran Qalloo
waliin hojjachaa turan keessaa xalayaa Jeneraal Taaddasaa Birruu irraa ergame akka harkaa
Baandii Afran Qalloo keessa jiru Dargii beeksisan.
Kana booda haal duree tokko malee namoota Baandii Afran Qalloo faana hidhata qabaniifii
miseensota Baandii Afran Qal‟oo hordofuu dhaan “Ya Oromoo tankol xansaashooch.”
jechuudhaan, Kan akka: Mahaammad Ibraahim wadaay, Usmaa‟el Galmoo, Abdusalaam Hajii
Muussaa, Abduulaazi Orbiilimaa dabalatee namoota 63(jahaatamii sadii) bakka tokkotti
rasaasaan dhahuu dhaan kan du‟eefii kan lubbuun jiru osoo addaan hinbaasiin gireedaraan
boolla tokkotti naquun awwaalee ture. Haala suukanneessaa Miseensota Baandii Afran Qlloo
irratti raawwate sana Adam Haaruun akka armaan gadiitti ibsatee ture.
Fakkeenya.48. Gaaf tokko namiite jaalalli daguutti,
Dhaqeetan himadhe dhaddacha heeraatti,
Baallama nuuf qabe abbaan dhaddachaatii,
Naaf isii kan mo‟u nu eegaa walitti.
Naa gargaarsa hin qabne kanijaan nagartuu,
Sagalee nadhooftee oliif gad naan deemtu,
Jaalala baananii akka naaf dhiyaattu,
Heerarratti dhaqxee naaf haa gaafatamtu,
Iyyannoo dhiyeessee dhaamsa heera murtuu,
Isiin kun hammaattee nama dhiisuuf hindeemtuu,
Waraqaa yaaminaa geessii irra kaayii akkasiif dhiyaattu,
Barbaadeetan arkee bakka ishiin jirtu,
Waraqaa irran kaayee osoo ishiin loltuu,
Of abdattee loltii maaf naaf hindhiyaattuu,
Yoo dhiyaachuu baatte qeeyirroon naaf haayaamtu,
Qeerroodhaan qabamtee yammuu naaf dhiyaattu,
Dubbiin ishii kanaa waanni ishiin jettu,
Naaf haabeekan jettee kan ofmaraachitu,
Yoo raga qabaate natti haadhiyeeffatu.
Badii isiitti qeerroon raga itti baanaanii,
59

Nutis keeyissa barree badiin kuni keetii,


Waanni dabarsine gama keenyaan nuti,
Hidhamtee haateessuu hanga umrii ishiitti.
Jechuudhaan, jaalala fakkeessee aarii keessa isaa ture wallee isaatti fayyadamuun ibseee
mootummaa abbaa irree san yakkamaa akka ta‟ee fi sirba isaatiin seeratti dhiyeessuu dhaan
bakka buutuu mootummaa Dargii jaalalatti hidhaa umrii guutuu itti murteesse.
Wallisaan Adam Haaruu kunis raaga Dargiitti raagee fakkaatuun numrii Dargiin umrii isaa
guutuu bilisummaa dhabuu dhaan biyya ambaa keessatti daanga‟ee hidhamee jiraachuutti jira.
Miseensonni Baandii Afran Qalloo Afaaniifi Aartii Oromoo guddisuuf aarsaa ta‟anillee,
muuziqaaleen Baandii Afran Qalloo jiraataa barabaraa ta‟uu dhaan Oromoo lubbuun jiran
hunda keessa jiraachaa jiru. Muuziqaaleen Baandii Afran Qalloo aartistootaafiis ta‟ee
barreessitoota Afaan Oromootiif fakkeenya ta‟uu kan danda‟uudha.
4.4.1.4. Moggaasa maqaa Afaan Qottuu jedhu balaaleffachuun
Akka Obbo Mahaammad Daamotaa, (19/6/2012) fi odeeffannoo kennitootni marii
garee,(29/6/2012) ibsanitti, Sirna mootummaa Dargii keessa Finfinnee mana „Biheeraawwii
Tiyaatir „jedhamutti qophiin sirbaa saboota adda addaa afaanota garaa garaatiin akka dhiyaatu
taasifamee ture. Garee sabaafii sablammootaa sunneen keessaa saba Oromoo bakka bu‟uu
dhaan kan dhiyaatan miseensota Baandii Afran Qalloo turan. Dhiyeesicha irratti dabareen
sirba Afaan Oromoo yammuu gahu, beeksisaan waltajjii gaggeessu “Kanatti aansee kan isiniif
dhiyaatu immoo sirba Afaan Qottuuti” yammuu jedhu, Miseensa Baandii Afran Qalloo kan
ta‟e namni maqaan isaa Gaaddisaa Abdullaahii jedhamu ol-ka‟uu dhaan gaggeessaa waltajii
sana kaballaa itti cuqqaale. Achi booda warra nageenya kabachiistota jedhaman Gaaddisaa
jilbibbiin deemsisuu dhaan, garaa dhaan lafa irraa harkisaa du‟aafii jiraa hanqisanii
gaddarbatan jedhama. Sirbichi garuu wallisaan miseensota Baandii Afran Qalloo hafaniin
dhiyaate jedhama. Sirbichis,
Fakkeenya.49. Aduun takka dhiitee takka nuuf bariitee,
Kan akka keenya hin jiru kan gabrummaan mite.
Sirba kana haala qalbii namaa booji‟uun dhiyaatee ture. Namootni sirbicha dhaggeefataa
turanis harka dhauufii fooricuu dhaan wallisaa sirbichaatiif hamilee cimaa kennaniifii turan
jedhama. Haata‟u malee yammuu inni hojii isaa xumuree bahu eeguu dhaan ulaadhuma
biheeraawwii tiyaatira sana fuulduratti ajjeesan jedhama.
60

Walumaa galatti adeemsa Baandiin Afran Qalloo, guddina Afaan Oromoofi aartii Oromootiif
gochaa ture keessatti hundeessitooni, miseensonniifi deeggartootni Baandii Afran Qalloo
haala mijataa keessa dabranii afaaniifii aartii Oromoo sadarkaa kanaan gahan ossoo hinta‟iin
dararama dhala namaatiif hinmallee argaa, dhiiga isaanii dhangalaasanii;lafee isaanii itti
daakanii; kan lubbuun hafan qaama isaanii itti dhabanii, biyya dhaloota isaanii irraa
darbatamuu dhaan mul‟ata uummata Oromoo dhugoomsuuf kutannoo dhaan afaanii fi aartii
Oromoo dhaloota ammaatiin gahan jechuu dha.
61

5. CUUNFAA, ARGANNOO FI YABOO


5.1. Cuunfaa
Qorannoon kun, Gahee Baandii Afran Qalloo guddina Afaanii fi Aartii Oromoo keessatti
maal maal akka ture qaaccessuun dhiyeessuu yoo ta‟u, qorannoon kun gumaacha Baandii
Afran Qalloo guddina Afaan Oromootiifi aartii Oromootiif gumaache irratti xiyyeeffachuun
magaalaa Dirree Dawaa keessatti maanguddoota, aartistoota fi namoota dhimma kana beekan
irraa odeeffannoo sassaabuufi xinxaaluu dhaan hiikni itti kennameera.
Haaluma kanaan ragaan funaaname akkaataan itti hiikameefi itti qaacceffame boqonnaa
afraffaa keessa tokko tokkoon taa‟ee jira. Akkasumas qorannoo kana gaggeessuufii kaayyoon
qorannichaa akka galma gahuf maalli qorannoo akkamtaa fi gosti qorannoo seenessaa hojii
irra ooleera. Iddatto filachuu irattis iddattoo mit-carraatti fayyadamuun maanguddootafi
namoota dhimmicha irratti odeeffannoo quubsaa qabu jedhamanii abdataman kanneen
magaalaa Dirree Dawaa keessa waggoota dheeraa jiraataniifi kanneen dhimma kana irratti
odeeffannoo qaban, akkasumas miseensota Baanddii Afran Qalloo kan turan magaalaa Dirree
Dawaatiin ala jiraatan immoo bilbilaan adda baasuufi filachuun karaa af-gaaffiifii marii
gareetiin odeeffannoon sassabame qaacceffamee hiikni itti kennameera.
Akka qorannoo kanaatti Baandii Afran Qalloo afaan, aadaa, aartii Oromoo guddisuu keessatti
shoora olaanaa taphachuun isaa hubatameera. Seenaan Baandii Afran Qalloo, gahee inni
guddina afaaniifii aartii Oromoo keessatti qabu akkasumas, danqaalee Baandii Afran Qalloo
mudatanii turaniifi sababoota danqaaleen sunneen itti mudachuu danda‟an beekuun
danda‟ameera.
Akka walii galaatti Baandii Afran Qalloo magaalaa Dirree Dawaa keessatti haa dhaabbatu
malee, afaan fi aartii Oromoo biyya Itiyoophiyaa keessa dabree biyyoota addunyaa irratti
beeksisuun afaanii fi aartii awwaalamuuf qarree irra ture wal-dhaanuu dhaan Afaan Oromoo
tarree afaanota biroo fi aartii Oromo tarree aartiiwwan biroo dhaabuu akka danda‟an beekuun
danda‟ameera.Kanaafuu Baandiin Afran Qalloo, hawaasa Oromoo biratti ibsitoota aadaa
Oromoo, ol-kaaftota afaan Oromoo, ammayyeessitoota aartii Oromoo ta‟uun isaanii
hubatameera.
5.2. Argannoo
Qorannoo kana keessatti odeeffannoo maanguddootaafi beektota irraa funaanamee
xinxaalamuun hiikni itti kennameera. Xinxaalliifii hiikni ragaa argame kun kaayyoo
62

qorannichaa irratti hundaa‟uun yaada xumuraa irra gahameera. Kunis qorannoo kana keessatti
akka argannoo qorannichaatti akka ta‟u ta‟eera. Haaluma kanaan xinxaalaa fi hiika ragaalee
qorannoo kanaa bu‟uura godhachuun qabxiiwwan armaan gadii qorannoo kanaan ifa ta‟aniiru.
 Baandiin Afran Qalloo, guddina Afaan Oromoo keessatti gahee guddaa qabaachuun
isaa hubachuun danda‟ameera.
 Baandiin Afran Qalloo, guddina aartii Oromoo keessatti gahee guddaa qabaachuun
isaa hubachuun danda‟ameera.
 Kaayyoon Baandii Afran Qalloo tures Afaan Oromoo akkuma afaanota biro afaan hojii
afaan barnootaa,afaan teeknooloojii ta‟uun akka olguddatu gochuu, aadaan Oromoo
akka mul‟atuufi fi aartiin oromoo akka ammayyaawu waan tureef kaayyoon isaanii
galma gahuun isaa eerameera
 Baandiin Afran Qalloo kaayyoo guddina aartii Oromoo galmaan gahuuf muuziqaa isaa
qabiyyee garaagaraatiin dhiyeessaa turuun isaanii hubatameera
 Baandii Afran Qalloo, aartii Oromoo guddisuufi ammayyeessuu keessatti gahee
guddaa qabaachuun isaa hubatameera.
 Baandiin Afran Qaloo bu‟uura barreeffama afaan Oromoo ta‟uun isaas hubatameera.
 Hundeessitoonniifii miseensonni akkasumas deeggartoonni Baandii Afran Qalloo
baayyeen isaanii du‟aa fi biyyaa ari‟amuun Magaalaa Dirree Dawaa keessatti argamuu
baatanillee miseensotnii fi deeggartoota Baandii Afran Qalloo muraasni waan jiraniif
ta‟iinsa raawwatamaa tureefi toftaa ittiinmootummaa jalaa miliqaa turan beekameera
 Muuziqaan baandii Afran Qalloo ammayaawaa deemuufii meeshaalee muuziqaaatiin
qindaawee dhiyaachuun isaa hubatameera.
 Ulaa Baandiin Afran Qalloo baneen aartistoonni baay‟een gad-bahuun isaanii
Hubatameera
 Adeemsa Baandiin Afran Qalloo Afaan oromoo guddisuufi Aartii oromoo guddisuuf
gochaa ture keessatti rakkooleen ciccimoon isa mudachaa turuun isaa beekameera.
5.3. Yaboo
Qorannoo kana keessatti xinxaallitti gaheen Baandii Afran Qalloo guddina Afaanii fi Aartii
Oromoo keessatti qabu maal maal akka ture cuunfamee taa‟eera. Xinxaala armaan olitti
godhame irratti hundaa‟uu dhaanis gaheen Baandii Afran Qalloo guddina afaanii fi aartii
Oromoo keessatti qabu yaboowwan armaan gadiitiin kaa‟amanii jiru. Baandiin Afran Qalloo
63

yeroo rakkoo sana keessallee osoo takkaa gabroomfataaf gad hinjedhiin aadaa,afaaniifii aartii
Oromoo sadarkaa har‟a gahe irraan gahuufis isaan dabranis kaayyoon isaanii
milkaa‟eera.Milkaa‟ina kana fuulduratti ceesisuufi afaaniifii aartii Oromoo inni asiin gahe
kana caala guddisuuf carraaqqiin godhamaa jiru waan laaffate fakkaata.Akkasumas
dargaggootaafii shamarran Oromiyaa diifnaan kanneen magaalaa Dirree Dawaatti dhalatanii
guddatan baay‟een isaaniiiyyuu waa‟ee Baandii Afran Qalloo hubannoo gahaa hinqaban.
Kanaafuu lafeefii dhiigni isaanii akka nama hingafanneef warra lubbuun jiraniifis
hamileeisaanii akka ijaaruuf kaayyoo isaan jiruu isaanii itti dhaban, ittidhumanii, biyyaa itti
ari‟amanfi cinqii namni hinargine arganii Afaan Oromoo ukkaamamee ture fi Aartii Oromoo
awwaalamee ture ifatti baasaniif, akka siidaa ta‟uuf adeemsi kunis of-boodatti akka
hindeebine gochuuf:
 Seenaan Baandii Afran Qalloo kana caala gad fageenyaan qoratamee akka uummanni
hundinuu odeeffannoo argatanitti Biiroon Aadaafii Turiizimii Bulchiinnsa Magaalaa
Dirree Dawaa fi Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa xiyyeeffannoo itti kennuun osoo
irratti hojjatee,
 Muuziqaaleen Baandii Afran Qalloo hiika qabeessotaafi raagduu dhaloota dhufuullee
waan ta‟aniif hang danda‟ametti walitti qabamuun mankuusa Oromiyaa keessa akka
hinbanne godhamanii osoo kaa‟amaniifi uummataaf dhiyaatanii,
 Mootummaas ta‟ee namootni humna qabaniifi quuqama sabaa qaban hundessitootaa fi
miseensota Baandii Afran Qaloo bakka adda addaatti rakkachaa jiran barbaaduudhaan,
gargaarsa godhauufiidhaan seenaa baandichaa hunda osoo irraa fudhachuun ragagaan
qabatamaan barreeffamaan osoo taa‟ee,
 Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa walta‟uun
warra lubbuun jiraniif hamilee warra du‟aniifis akka siidaa ta‟ufitti “Faawundeeshinii
Baandii Afran Qaloo“ jechuun dhaabbata yookan mana kitaabaa tokko osoo
hundeessaniifii,
 Warreen Afaan Oromoo hojiifis ta‟ee baruu fi barsiisuudhaaf itti fayyadaman akkuma
barbaadanitti dubbachuu, dubbisuu fi barreessaa waan jiraniif aarsaa baandiin kun
afaan kanaaf kafale xiyyeeffannoo keessa galchuu fi hojiilee baandii afran qalloo kana
duukaa bu‟uudhaan seera afaanichaa eeguufii waaltessuun itti fayyadama afaanichaa
xinxaaluun osoo itti fayyadamanii,
64

 Artistoonni Oromoo yeroo ammaa tokko tokko muuziqaa har‟a dhagahamee boru
nuffamu fi ergaa fi hiika hubatamuu danda‟amu kan hin qabne akkasumas hanqina
aartiitiin kan goggoge dhiyeessaa jiraachuun isaanii beekamaadha.Warreen kunneen
gad taa‟anii muuziqaalee baandii afran qalloo qalbeeffannaan dhaggeeffatanii aartii
ergaa dabarsuu danda‟u osoo hojjatanii,
 Artistoonni Oromoo tokko tokko warra baargamaa fakkaachuu irra, Oromoo Oromoo
urgaa‟uu dhaan of-ta‟anii osoo dhiyaatanii. Muuziqaan afaan addunyaa ta‟ullee namni
kamuu aadaa isaa ibsachuun kan nama boonsu malee kan nama qaanessuu akka hin
taane hubachuuf osoo seenaa Baandii Afran Qalloo gaggaafatanii baratanii, akkasumas
Wallistoonni maallaqa qabaachuu isaanii qofaan kompiitaratti fayyadamanii wallisan
irra warren dandeetti uumaan qaban dorgommii dhaan osoo filatamanii,
 Dhalootni dhufu afaan, aartii, aadaa fi safuu uummata Oromoo akka kabajuu,
kabachiisuufi barsiisuuf hojiileen baandii afran qalloo kitaaba barnoota afaanii keessa
galchuun akka irraa baratan osoo taasifamee, hojiin baandii afran qalloo ittidaraarme
kun osoo firii buusuu danda‟ee,
 Gaazexeessitootni miidiyaalee Oromoo adda addaa Afaan Oromoo Baandiin Afran
Qalloo haarsaa cimaa kafalchiisee sadarkaa kana irra gahe kana looga naannoo isaanii
fidachuun miidiyaaatti calaqqisiisuu irra akka uummanni Oromoo hundinuu ittiin walii
galuuttiifii namootni afaan kana baruu barbaadanillee akka sirriitti hordofaniif Afaan
Oromoo waalta‟aa ta‟e yookaan afaan hojiifi afaan barnootaa isa ta‟etti osoo
fayyadamanii dhiyeessanii, guddina afaanichaatiif bu‟aa guddaa buusuu ni danda‟u.
 Warri saba Oromoo ta‟anii ijoolleen isaanii afaan Oromoo dhagahuufii dubbachuu
hindandeenye ijoollee isaanii afaan isaanii barsiisuu osoo kaayyoo godhatanii dhaloota
ofitti amananiifii eenyummaa isaanii kabajan ta‟u.
 Hojii Baandiin Afran Qalloo afaaniifii aartii Oromoo guddisuuf godhe galma gahuuf is
biirooleen dhimmi kun ilaallatu hundinuu wal-ta‟uun waltajjii qopheessuun:
ittifayyadamtoota Afaan Oromoo fi aartistoota Oromootiif waa‟een mata duree kanaa
osoo gadi fageenyaan hubachiifamee namootni baay‟een dubbisuu hindandeenye
hundinuu hubachuu nidanda‟u. Kanaafuu, qophiin Waltajjii kanaa hojii irra yoo oole
kan baratanis ta‟e kan hin baratiin seena kana hubachuu waan danda‟aniif dhimmi kun
osoo hojii irra oolee kan jedhu dhaamsa kooti.
65

WABIILEE
Addunyaa Barkeessaa, 2016. Seemmoo.Bu’uura Barnoota Afaaniifi Afoola Oromoo
Finfinnee: Far East Trading Plc.
Alifia Hajii Yusuuf. 2000. Interview with the Founderof Afran Qalloo, Sulyman Yusuf” In:
The Radio Program, Qilleensarraan Walbaradhaa (Introducing Through the Air), Radio
Harar, Harar, November15/ 3/2000.E.C
Asafaa T. Dibaabaa.2009. Eela: seenaa Oguma Oromoo. Finfinnee, printing by
Far East trading plc.
Birhanu Mathowos.1999. Fundamentals of the literature, Addis Ababa:
Addis Ababa university press.
Blacking, John, 1995.Music, Culture and Experience.The University of Chicago Press.
Brown, J. L. M. 2006. Rhymes, Stories and Songs in the ESL Classroom.The Internet TESL
Journal,XII(4).
Clark, H.1996. Using Language. Cambridge: Cambridge University Press.
Echeruo and Michael, J., 1975. The Dramatic Limits of Igbo Ritual” in Bernth Lindfors (Edn.)
Critical representative on Nigerian Literatures. London: Three Continent Press.
Eshete, G. 2008. African Egalitarian Values and Indigenous Genres: The Functional and
Contextual studies of Oromo Oral Literature in Contemporary Perspectives (Phd
Dessertation).Institut for Litteratur, Kultur Og Medier.
Fedhasaa Taaddasaa.2013. Subii Bu’uuraalee Og-barruu Oromoo. Finfinnee: Subii printing
Press.
Fekade, A. 1991.Yesinaqal Mamriya. Adiis Ababa: Bole Printing Enterprise.
Filee Jaallataa, 2016 .Beekumtaa Oromoo: Mana Maxxansaa Raajii, Finfinnee
Finnegan, R.1970. Oral Literature in Africa, Nairobi, Oxiford University Press.
Fishman, J. A. 1971. The Relationship between Micro and Macro Sociolinguistics in the
Study of Who Speaks what Language to Whom and when. In Pride, J.Brork: Oxford
University Press.
Fitch, T. W. (2005). “The Evolution of Music in Comparative Perspective,”Annals of New
York Academy of Sciences.
Garza, J. T. (1994). Beyond MTV: Music Video as Foreign Language Test The Journal of the
Imagination in Language Learning and Teaching
66

Girmaa Maammoo, Dirribaa Tafarraa, Dirribee Qana‟aa, Latamoo Badhaasoo Mahaammad


Hakiimiifi Yeneenah Tasammaa. 2001. Wiirtuu Jiildii-9: Barruulee Qormaata Waaltina
Afaan Oromoo. Finfinnee: Dhaabbata maxxansaa Commercial Printing Enterprise omoo.
Far-East Trading PLC.
Kania, Andrew, 2010. "Silent Music," Journal of Aesthetics and Art Criticism
Kivy, P.(2007). Music Language, and Cognition.Oxford: Clarendon Press.
Levinson, Jerrold 1990. Music, Art, and Metaphysics, Ithaca: Cornell University Press.
Mohammed Hasan, 2003. in journal of Oromo study, Shaykh Bakri Saphalo (1895-1980): A
Prolific Scholar and a Great Oromo Nationalist, Middle Tennessee State University
press
Merriam, Alan P, 1964. THE ANTHROPOLOGY OF MUSIC Evanston, Illinois North
Western University Press.
Mekuria Bulcha, 1997. “The Politics of Linguistic Homogenization in Ethiopia and The
Conflict Over the Status of „Afaan Oromo‟” in African Affairs, Vol. 96, No. 384.
Misganu Guluma, 2011. Dilbii: Bu’uura Afoola Og-Afaaniif Af walaloon Oromoo. Finfinnee
Oromiyaa.
Mithen, S. (2006/5?).The Singing NeanderthalsThe Origins of Music, language, Mind, And
Body.Cambridge:HarwardUniversityPress.
Nora Makky, 2007, Song in the Anti-Apartheid and Reconciliation Movements in South
AfricaA Senior Honors Thesis, Ohio State University,
Osanlo and Grant, 2014. Understanding, Sellecting, And Interpreting Theoritical Framework
InDessertation Research: Creating The Blueprint For your "House". Administrative
Issuses Journal Volume 4, ISSUE 2, 12-26
Ray, J. J. (1997). For the love of Children: Using the Power of Music in “English as a Second
Language'' University California, Los Ange
Ter, Ellingson, etal, 1987.“Toward the Remodelling of Ethnomusicology.” In
Ethnomusicology: Journal of the Society for Ethnomusicology. (3rd Ed), Ann Arbor,
Michigan,
Thaut, M. H. (2005). Rhythm, Music and the Brain. New York: Rotledge.
Tyson, Lois,2006. Critical theory today: A user friend’s guide SECOND EDITION, New
York.
67

Young, R. F. (2008). Language and interaction: An advanced resource book. London,


England: Routledge.
______2002, Longman Dictionary of Language Teaching and Applied Lingustic.
ብርሃኑገበየሁ፣ 2003 የአማርኛ ስነ ግጥም አዲስ አበባ፡ አልፋ አሳታሚ ድርጅት፡፡
ዯረጀ ገብሬ፣2007ተግባራዊ የጽህፈት መማሪያ፡ 3ተኛ እትም አዲስ አበባ፡ኤብጌት አሳታሚ
ድርጅት፡፡
Toora Intarneetii irrraa
Af-gaaffii OTV‟n Aartistii Alii Birraa waliin taasise, (2007) You Tub,16/7/2012
Af-gaaffii OMN, Mahaadii Hamiid waliin, taasise (2010) you Tub, 16/7/2012
Seenessa Seenaa Baandii Afran Qalloo,(2009 )Jaafar Aliitiin,You Tub, 27/8/2012
Music and art (w.w.w.bartleby.com). 27/8/2012
Joyce Lawrence, 2002, art in society, www.google.com retrieved on 23 Nov.2019
https://www.researchgate.net./publication/33313766-susanne-K-Langer and the defination of
art. (5/10/2012.)
Toora Gaazexaalee fi Baruulee irraa
Aaddis Zaman, Lakk. 37, Mudde23,1949 15/7/2012
Bariisaa, Guraandhala 25,1968. 12/8/2012
Berhaninnaa Salaam,Tahesas 19, 1926, 20/7/2012
Negarit Gazata,Tahisas 9, 1926. 15/7/2012
Ragaa Biiroo Dhaabbata Koomishiinii Dirree Dawaa 2006. Dirree Dawaa.
Seera Mootummaa Itiyoophiyaa,(1949.keeyyata 15/J) 20/7/2012
የኢትዮጵያ ንጉሰ ነገሥት መንግሥት የወንጀለኛ መቅጫሕግ 1949 ዓ.ም.ነጋሪትጋዜጣ ቁጥር 1 1949 ዓ.ም በተለይየወጣ
29/10/2012
68

DABAALEEWWAN
69

Dabaalee A
Af-gaaffii
Yunivaristii Haramaayaa Kolleejjii saayinsiiwwan Hawaasaa fi Namummaatti Muummee
Afaan Oromoo, Ogumaafii Qunnamtii.
Kabajamtoota Odeeffannoo Kennitootaf:
Kaayyoon Af-gaaffii kanaa Barnoota Afaan Oromoo Ogummaafi Qunnamtii Sagantaa Digirii
Lammaffaa guuttachuuf, “Gaheen Baandii Afran Qalloo guddina Afaanii fi Aartii Oromoo
keessatti gumaache maal akka ture qaaccessuu” jedhu ilaalchisee raga funaanuufi. Kanaafuu
hirmaannaan kallattiidhaan isin af-gaaffii kana afaaniin deebii kennuu irratti qabdan
milkaa‟ina qorannoo kanaatiif baayyee barbaachisaadha.Waan kana ta‟eef raga dhugaafi
qabatamaa dhalootni dhufu itti fayyadamuu danda‟u osoo hin dhoksiin, irraa hin ambisiin
himuun gahee isin irraa eegamu akka gumaachitan isin gaafachaa ragan funaanamu kun
dhimma qorannichaa qofaaf oolu ta‟uu isaa waadaan isiniif gala.Odeeffannoo walii gala:
Maqaa__________________________ Saala_______Umrii______Sad.bar. ___________
Gahee hojii______________Teessoo:Araddaa_____Ganda____________
Gaaffiilee Af-gaaffii
1. Waggoota meeqaaf magaalaa kana keessa jiraattan?
2. Baandiin Afran qalloo yoom, eessatti fi sababaa maaliitiif akka hundeeffamee ni beektuu?
3. Miseensotni Baandii Afran Qal‟oo eenyu fa‟aa turan?
4. Hundeefama kana keessatti maaltu isaan mudatee ture?
5. Qaamni Baandii Afran Qalloo yaadaafi maallaqaan deggaru ni jira turee? Yoo jiraatan
eenyu faadha?
6. Baandiin Afran Qalloo ergaawwan akkamii dabarsaature? Walaloo sirba isaa afaaniin nuuf
Yaaluu dandeessuu?
7. Baandiin Afran Qalloo walleen alatti waanti inni hojjatee ture ni jiraa?
8. Shoorri Baandiin Afran Qalloo Afaaniifi Aartii Oromoo guddisuufinni taphate maalfaa
akka turan niyaadattuu?
70

Dabaalee B
Gabatee ibsa odeeffannoo kennitoota Af-gaaffii
Lak Maqaa gafatamtootaa Saala Umrii Sad Bakka Guyyaa
k Bar. jireenyaa
1 Adde Zahaaraa Yuusuuf Dub 70 - Kooneel 18/6/2012
2 Obbo Mahaammad Daamotaa Dhii 75 3 Qabrii-ijoollee 19/6/2012
3 Aartistii Adam Haaruun Dhii 66 - Adaamaa 23/6/2012(bil)
4 Aartistii Yoonus Abdullaahii Dhii 68 - Finfinnee 24/6/2012(bil)
5 Obbo Mahaammad Muussaa Corree Dhii 70 6 Laga-harree 26/6/2012
6 Dargaggoo Kadir Abdii Dhii 28 Msc Laga-haarree 27/6/2012
7 Yuuba Abdumaaliik Yoonuus Dhii 72 6 Laga-haarree 28/6/2012

Dabaalee C
Marii garee
Yunivaristii Haramaayaa Kolleejjii saayinsiiwwan Hawaasaa fi Namummaatti Muummee
Afaan Oromoo, Ogumaafii Qunnamtii.
Kabajamtoota odeeffannoo kennitootaf:
Kaayyoon Marii Garee kanaa, Barnoota Afaan Oromoo Ogummaafi Qunnamtii Sagantaa
Digirii Lammaffaa guuttachuuf, “Gaheen Baandii Afran Qalloo guddina Afaanii fi Aartii
Oromootiif keessatti gumaache maal akka ture qaaccessuu” jedhu ilaalchisee raga funaanuufi.
Kanaafuu hirmaannaan Marii garee kana irratti qooda fudhannaan keessan milkaa‟ina
qorannoo kanaatiif baayyee barbaachisaadha.Waan kana ta‟eef raga dhugaafi qabatamaa
dhalootni dhufu itti fayyadamuu danda‟u osoo hin dhoksiin, irraa hin ambisiin wal
yaadachiisuun gahee isin irraa eegamu akka gumaachitan isin gaafachaa ragan funaanamu kun
dhimma qorannichaa qofaaf oolu ta‟uu isaa waadaan isiniif gala.Odeeffannoo walii gala:
Maqaa_________________________Saala_______Umrii______Sadarkaa Barnootaa___
Gahee hojii______________Teessoo:Araddaa___________Ganda____________
Gaaffiilee Marii Garee
1. Baandiin Afran qalloo sababa maaliitii fi yoom akka hundeeffame niyaadattuu?
2. Miseensotni Baandii Afran Qal‟oo eenyu fa‟aa turan niyaadattuu?
71

3. Hundeefama kana keessatti maaltu isaan mudatee ture dhageessanii ni beektuu?


4. Sirboota baandii afran qalloo kan yeroo durii niyaadattuu?
5. Mee waan yaadattan walyaadachiisaa naaf himaa
6. Ergaan sirboota kunneenii maal ibsuuf akka ta‟e tilmaamuu nidandeessuu?
Dabaalee D
Gabatee ibsa odeeffannoo kennitoota marii garee
Lak Maqaa Hirmaattotaa Umrii Saala Sad. Ganda Guyyaa
k Bar.
1 Aadde Ambaraa Husseen 35 Dub Narsii Saabbiyaan 29/6/2012
2 Aadde Fooziyaa Xaahaa 75 Dub - Laga-harree 29/6/2012
3 Aadde Kadijjaa Ussoo 72 Dub - Laga-harree 29/6/2012
4 Obbo Mahaammad Muussaa Corree 70 Dhi 6 Laga-harree 29/6/2012
5 Dargaggoo Kadir Abdii 28 Dhi Msc Laga-harree 29/6/2012
6 Abbaa Gadaa Abdumaaliik Yoonuus 72 Dhi 6 Laga-harree 29/6/2012
7 Obbo Abdallaa Mahaammad 68 Dhi - Laga-harree 29/6/2012
72

Dabaalee E
Ibsa Bakka Qorannichaa
Qorannoon Kun Kangageeffamu Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa keessatti. Akka
maanguddootni himanitti Magaalaan kun moggaasa kana kan argatte jechoota „Dirree fi
Dhawaa‟ jedhaman irraayyi „Dirreen‟ jechuun lafa bu‟aa bahii hin qabne lafa diriira yoo
ta‟u,„Dhawaa‟ jechuun immoo, kan dhahu, kan reebu jechuudha. Sababni jechi „Dhawaa‟
jedhu,„Dawaa‟ tti jijjiiramee Dirree Dawaa ta‟eef immoo, saba Oromootiin alatti, sabootni
biroo magaalaa kana keessaa jiraachaa turan qubee „Dh‟ waamuu waan hin dandeenyeef,
„D‟tti jijjiirrachuun Dirree Dawaa jechuun waamuu jalqaban jedhama.
Magaalaan Dirree Dawaa kutaa Baha Itiyoophiyaatti argamti.Magaalaa guddittii Itiyoophiyaa
Finfinnee irraa gara bahaatti km.515 yoo fagaattu, Magaalaa Harar irraa immoo, km.55
fagaatti.Akkasumas Jibuutii irraa, km.313 fagaatti. Haalli teessuma ishii kan gaaraan
marfamte yoo ta‟u, qilleensa ho‟aa fi gammoojjawaa qabdi. Sirrii galaanaa irraa ol ka‟iinsa
1000-3000 irratti argamti. Ragaan Biiroo kominikeeshiinii Dirree Dawaa irraa argame akka
ibsutti, Dirree Dawaan bal‟ina lafaa km2 29.24 ykn heektaara 2928 Kan qabdu taatee,
gandoota magaalaa sagal of keessaa qabdi.
Baay‟inni ummata magaalaa kana keessa jiraatuu 285,441 akka ta‟e ragaan biiroon
dhimmootta kominikeeshinii bara, 2006 ALH niibsa. Magaalaa kana keessa sabaafi
sablammoota heddutu jiraata.Isaan keessaa harki irra caalu: Oromoo, Somaalee fi Amaara
akka ta‟an ragaan niibsa. Lammiileen biyya alaa kan akka: Girikii, Hindii, Arabaa,
Faransaayii fi kkf niargamu.
Magaalattiin bakka jireenya sabaafi sablammootaa waan taateef afaanota heddutu keessatti
dubbatama. Isaan keessaayyis kan akka Afaan Oromoo, Afaan Somaalee, Afaan Amaaraa,
Afaan Adaree, Afaan Guraagee, Afaan Tigree fi kanneen biroo ni caqafamu. Kana malees
hordoftoota amantiilee garaa garaa of keessatti hammattee jirti.Karaa biraatiin namootni
magaalaa kana keessa jiraatan sadarkaa qabeenyaatiin osoo wal hin qoodiin ija walqixaatiin
wal ilaalanii tuffii tokko malee wajjin jiraatu.
73

Kaartaa argama magaalaa Dirree Dawaa (Bakka qorannichaa)

Maappii Godinaalee Harargee Bahaa. Maddi; You Tub.irraa

You might also like